You are on page 1of 9

1.

Seensa

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa guddina amasiisaa fi itti fufiinsa qabuu


mikanneessuun ummaataa naannichaa sadarkaa sadarkaan faayyadamaa taasiisuuf Karoora
Guddinaa fi Tiranisformeeshinii marsaa lammaffaa (KGT-II) kiyyaasee hojiirra oolchaa jira.
Karoorricha keessatti seektarri qabeenya beeyiladaa fi qurxummii gahee wabii nayaata
mirkaneessuu fi diinagdee qonnaa guddisuu keessatti qabu akka taphaatu dandeesiisuuf
xiyyeefannoon ol’aanaa itti kennamee jira.Waan kana ta’eef, oomishaa fi oomishtummaa
beeyiladaa fi qurxummii guddisuu, baay’inaa fi qulqullina gabaan barbaaduun akka oomishamu
taasiisuu, argama sharafaa biyyaa alaa guddisuu, galteewwaan dheedhii industiriif barbaachisu
gahumsaan dhiyeessuun fedhii maamiltoota keenyaa guutuu fi sadarkaa jireenya ummaata
keenyaa fooyyeessuun biyya keenya gara sadarkaa biyyoota galii giddugaleessa qabaniitti
ceesiisuuti iraa egama.

Kanuuma dhugoomsuufiis karoorrichi qixa tarsiimoo muuxxannoo gaarii misooma beeyiladaa fi


qurxummii babal’isuu giddugaleessa taasiiseen akka raawwatamu taasifamaa jira. Kunis kallattii
hojimaata gaarii misooma beeyiladaa fi qurxummii sadarkaa qonnaan bulaa adda dureetti
hojjetamee bu’a qabeessa ta’ee fi teekinooloojiiwwan misooma beeyiladaa fi qurxummii
sadarkaa giddugaleessa qorannoo qonnaatti yaalamanii bu’aa qabeessummaan isaanii mirkanaa’e
yeroo tokkootti qonnaan bultoota hedduu bira akka gahu taasiisuun hojjetamaa jira.

Tarsiimoo muuxxannoo gaarii misooma beeyiladaa fi qurxummii babal’isuu kara guutuu ta’een
hojiirra oolchuun bu’aa amma argame osoo waliirra hin cinne akka itti fuufu taasiisuu gochuun
barbaachisaa ta’a. Haaluma kanaan, hojii misooma beeyiladaa fi qurxummii dambaalii ummaataa
uumuu fi qonnaan bultoota ijaaruun qixa raayyaa fi raayyaa qofaan hojjetamuu qaba.. Bu’uura
kanaanis muuxannoowwan gaggaarii misooma beeyiladaa fi qurxummii raayyaa misooma
baadiyyaa guddicha (main development army) sochoosuun hojiiwwaan misooma baadiyyaa fi
qurxummii hunda qixa guutuu ta’een akka hojii irra oolu gochuun hojimaata gaarii bakka
tokkootti mul’ate bakka hundatti akka babal’atu taasiisuun ni dandaa’ama.

Kanaafuu, hojiiwwan misooma beeyiladaa fi qurxummii baadiyyaa keessatti guyyaa guyyaan


hojjetamuu keessatti adda dureen itti fufiinsaan akka horatamaa deemu taasiisuun raayyaa

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 1


misooma baadiyyaa ijaaramee jiru cimsuun mootoora ta’ee adda durummaan sochoosuu itti
fuufiinsan horatamaa akka deemuuf hojiin waliirra hin cinne gama hundaan hojjetamuu qaba.

1.1. Barbaachisuummaa

Sosoochiiwwan hojii misoomaa baadiyyaa fi qurxummii taasiifamuu keessatti adda duroota hojii
bu’a qabeessa ta’e hojjechuun fakkeenya gaarii ta’an addaa baasuu, madaaluu fi ijaaruun
mootoora hojii misooma beeyiladaa fi qurxummii baadiyyaa keessatti hojjetamuu akka ta’an
taasiisuun hojiin misooma beeyiladaa fi qurxummii fedhii fi hirmaannaa ummaataa irratti
bu’uureeffatee fi itti fuufiinsaan akka gaggeeffamu taasiisuun barbaachiisaa waan ta’eef
ulaagaalee filaannoon addaa durootaa ittin gaaggeeffamu kun akka qophaa’u ta’ee jira.

1.2. Kaayyoo

Hojiiwwan misooma beeyiladaa fi qurxummii baadiyyaa keessatti guyyaa guyyaan hojjetamuu


keessatti adda dureewwan itti fuufiinsaan akka horataman taasiisuun raayyaa baadiyyaa
ijaaramee jiru cimsuu fi adda durummaan sochoosuun hojiin misooma beeyiladaa fi qurxummii
akka lafa qabatu taasiisuun karoora guddinaa fi transformeeshinii marsaa 2 ffaa keessatti galmoota
ka'aman milkeessuun ummaata naannoo keenya fayyadamaa taasisuudha.

2. Ulaagaalee filannoo adda duree

2.1. Qonnaan Bulaa

Qonnaan bultoonni faayyadamtoota tajaajila ekisteenshinii misooma beeyiladaa fi qurxummii


ta’aan sadarkaa itti faayyadamummaa teknooloojjiin adda baasuun tajaajila ekisteenshinii akka
argatan gochuu barbaachisaadha. Sadarkaan qonnaan bultootaaf kennamu muuxannoo gaarii
misooma beeyiladaa fi quxummii babal’isuu wajjiin walqabateen ta’a. Kunis gosa deeggarsa
tajaajila ekisteenshinii misooma beeyiladaa fi quxummii kennamuu beekuuf gaariidha. Tokkoo
tokkoon qonnaan bulaa oomishaa fi oomishtummaa beeyiladaa fi quxummii guddisuu fi itti
faayyadama galteewwaanii wajjiin walqabate sadarkaa A,B, fi C kan ka’aaman yemmu ta’u,
qonnaan bultoota sadarkaa B fi C irra jiran immoo gara sadarka A’tti ceesiisuu fi hojii bu’a
qabeessa ta’e akka hojjetan taasiisuuf deeggaarsaa fi gorsi ogummaa itti fuufiinsan ni taasiifama.

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 2


Akkaataa kanan qonnaan bulaan sadrakaa ’’ A ’’ ykn adda duree irraatti filatamu ulaagaa inni
guutuu qabu:

 Teeknooloojii misooma beeyiladaa fi qurxummii, hojimaata foyya’aa fi


deeggaarsa oggummaa hojjetaa misoomaatiin kennamutti fayyadamuun
oomishaa fi oomishtummaa beeyiladaa fi qurxummii guddisuun jireenya isaa kan
jijjiire;
 Hojii misooma beeyiladaa fi qurxummii, hojii misooma sululaa/hojii misooma
qabeenya uumamaa fi hojii misooma jallisii hojjetamu keessatti garee misoomaa
fi garee hojii keessa jiru haala guutuu ta’een qindeessuu fi hirmaachisuun gahee
ol’aanaa kan taphaate;
 Muuxannoo gaarii ofii qabu garee misoomaa fi ijaarsa 1:5f qooduu fi cimsuun
hojii qabatamaa keessa galuun fakkeenya kan ta’e;
 Karoora hojii dhuunfaa ykn biziinas pilaanii baafachuun haala hojimaata
muuxxannoo gaariitiin callaa guddistuu beeyiladaa fi qurxummii haala
qabatamaa naannoo issa jiru wajjin walsimsiisee fayyadamuun oomisha
beeyiladaa fi qurxummii gabaa giddugaleessa taasiisee oomishuun fakkeenya
kan ta’e;
 Callaa guddistuuwwan beeyiladaa fi qurxummii barbaachisan harkaaf harkatti
bitaachuu fi qabeenya naannoo isaa jirutti fayyadamuun oomisha beeyiladaa fi
qurxummii guddisuun fakkeenya kan ta’e;
 Callaa guddistuuwwan misooma beeyiladaa fi qurxummii fudhate qisaasama
tokko malee yeroon kan hojiirra oolche;
 Tajaajila mala namaan horii rimaa qabsiisuuttti fayyadamee sanyii horii naannoo
harkaa qabu foyyeessaa kan jiru;
 Tarsiimoo misooma nyaata beeyiladaa adda addaatti fayyadamuun nyaata
beeyiladaa haala gaariin misoomsee kan itti fayyaadame;
 Paakeejii guutuu misooma beeyiladaa akkaataa koomooditiin qophaa’ee tokkoo
fi isaa ol hojii irra kan oolche;
 Hojii to’aannoo maxxantuu qaama alaa fi keessaa fi dhukkuuba beeyiladaa
to’aachuu kan raawwaatu;

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 3


 Bishaan cimisame ykn bishaan jallisiitti fayyadamuun waggaatti yeroo lamaa fi
isaa ol nyaata beeyiladaa oomishuun fakkeenya kan ta’ee fi qonnaan bultoonni
biroos akka fayyadaman kakkaasuun oomisha beeyiladaa haala itti fuufiinsa
qabuun kan guddise;
 Buufata biqiltuu dhuunfaa qabaachuun biqiltuu nyaata beeyiladaa, marga arbaa fi
kkf baayyinaan qopheessuu fi dhaabuun fayyadamaa kan ta’ee fi qonnaan
bultoonni biroos akka hojjetan kan kakkaase;
 Aadaa hojii fi aadaa qusannootiin fakkeenya kan ta’ee fi qonnaan bultoota biroof
muuxannoo qabu kan dabarse/kan qoode;
 Ilaalcha eeggattummaa kan hin qabne,callaa guddistuu beeyiladaa fi qurxummii
barbaachisu harkaaf harkatti bitaachuun ikkooloojii naannoo waliin
walsimsiisuun kan itti fayyadamee;
 Qulqullina naannoo isaa eeguun dhibee daddarboo ittisuu fi ijoollee isaa
barsiisuun fakkeenya kan ta’e;
 Beeyiladaa xiqqaarraa bu’aa guddaa argachuuf yaalii kan taasiisaa jiru, gaagura
ammayyaa fi cee’uumsaa qabachuun galii isaa gama hundaan kan guddise;
 Benchi markii/galma oomisha beeyiladaa naannichaaf taa’e mirkaneessuun galii
isa kan guddise;
 Ragaa beeyiladaa barbaachisu hunda kan galmeessee qabatu;
 Liqii fudhaate yeroon kan deebiisu.

2.2. Hojjetaa Misoomaa ( Development Agent)

 Rakkoolee ilaalchaa fi hubannoo qonnaan bultoota biratti mul’atu addaan baasuu


fi rakkoolee jiran hiikuuf karoora qopheessuun ummataa sochoosuu fi hojii
misooma beeyiladaa fi qurxummii irratti hirmaachisuun oomishaa fi
omishtummaa beeyiladaa fi qurxummii guddisuu keessatti jijjiirama qabatamaa
kan fide;
 Ganda itti ramadame keessa jiraachuun deeggarsaa fi gorsa ogummaa qonnaan
bultootaaf kennaa kan jiru;

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 4


 Fedhii callaa guddistuuwwan beeyiladaa fi qurxummii qonnaan bultootaa addaan
baasuun haala hirmaachisaa ta’een karoorsuun kan dhiyeesse;
 Ganda isaa keessatti muuxxannoo gaarii misooma beeyiladaa fi qurxummii
babal’aachuu dandaa’u akka babal’aatu kan taasiise;
 Callaa guddistuuwwan beeyiladaa fi qurxummii dhiyaateef raabuun qisaasama
tokko malee yeroon akka hojiirra oolu kan taasiise;
 lIaalcha misoomaa fi demokraatawaa qabaachuun misoomni ariifachiisaa fi itti
fufiinsa qabu akka galmaa’uuf yeroo isaa hunda hojiirratti kan dabarsu;
 Karaa dimokiratawaa ta’een qonnaan bultoota amansiisuun qofa kan hojjachiisu;
 Qonnaan bultoonni lafa jallisii fi kuusaa bishaanii (haroo,boolla bishaanii fi kkf)
qabaatanii nyaata beeyiladaa fi qurxummii misoomsanii akka itti fayyadaman kan
taasise;
 Buufata biqiltuu qonnaan bultootaa fi kan biroo irratti biqiltuu adda addaa
(biqiltuu nyaata beeyladaa, marga arbaa fi kan kkf) qopheessuun bal’inaan kan
hojjatee fi sulula ganda keessa jiru kunuunsuun fakkeenya kan ta’e;
 Hanqina sanyii filatamaa nyaata beeyiladaa furuuf hojii sanyii baay’isuu nyaata
beeyiladaa qonnaan bultoota hirmaachisuun qulqullinaan kan raawwatee fi
qonnaan bultoota fayyadamoo kan taasise;
 Maalummaa fi fayyidaa tarsiimoo muuxannoo gaarii misooma beeyiladaa fi
qurxummii babal’isu irratti hubannoo gahaa qabaatee qonnaan bultoota ganda
isaa keessa jiran raayyaa misoomaa cimaan(strong development army) ijaaruun
oomisha beeyiladaa fi quxummii guddisuun fakkeenya kan ta’e;
 Deeggarsa isaatiin qonnaan bultoota jiran keessaa % 95 ol tarsiimoo
muuxxannoo gaarii misooma beeyiladaa fi qurxummii babal’isuu irratti akka
hirmaatan kan taasiise;
 Muuxannoowwan gaggaarii misooma beeyiladaa fi qurxummii ganda isaa
keessatti argaman qindeessuun muuxxannoo gaarii misooma beeyiladaa fi
qurxummii akka aanaatti jiru waliin wal-simsiisuun qonnaan bultoota biroo
biratti akka babal’atu kan taasiise;
 Karoora hojii misooma beeyiladaa fi qurxummii bahe giddugaleessa taasiisuun
sochii hojii misooma beeyiladaa fi qurxummii ganda keessatti gaggeefamu

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 5


guyyaa guyyaan hordoofuun ragaa fi odeefannoo sassaabuun aanaaf yeroo
yeroon kan dabarsu;
 Hojiiwwaan misooma beeyiladaa fi qurxummii sulula misoome keessatti karaa
guutuu ta’een qindeesse kan raawwate;
 Karoora waliigalaa hojii misooma beeyiladaa fi qurxummii ganda isaa keessaatti
hojjetaman bifa qindaa’een raawwachuun oomishni beeyiladaa fi qurxummii
ganda isaa akka guddatu kan taasise;
 Hojii misooma sululaa ilaalchisee qonnaan bulaaf deeggarsa gahaa kennuun hojii
fakkeenya ta’e kan hojjate;
 Hojii misooma sululaa sadarkaa ummaataatti gaggeeffamu qindeessuun haala
addaan hin ciinnen kan hordofu, kan gorsuu fi deeggarsa oggummaa barbaachisu
kan kennu;
 Wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa keessatti ragaa/karoora qonnaan bulaa
dhuunfaa, garee misoomaa fi itti fayyadama teeknoloojii haala agarsiisuun sirna
diriirsee kan jiru;
 Abbootiin warraa gandaa/zonii gandaa keessa jiran guutumaan guutuutti garee
misoomaatiin akka gurmaa’an taasiisuun karoora dhuunfaa fi waliinii akka
qopheefatanii fi hojii irra akka oolchaan kan taasiise;
 Abbootii warraa ganda/zonii isaa keessatti argaman keessa %75 gara modeelaa
ykn sadarkaa ‘A’ tti akka cee’an kan taasiise;
 Aadaan hojii fi aadaan qusannoo qonnaan bultootaa akka fooyya’uu ciminaan
kan hojjatee;
 Dargaggootaa, dubartootaa fi qonnaan bultoota harka qaleeyyii ganda isaa keessa
jiran gurmeessuun suluula misoome keesssatti carraa hojii bal’aa akka argatan
kan taasiise;
 Hanqina dandeettii (skill gap) qonnaan bultoonni qaban giddugaleesaa taasiisuun
leenjii gaggabaaboo hojjetanii agrdeeggarame qonnaan bultootaaf kan kennee fi
deeggare;
 Wiirtuulee leenjii qonnaan bulaa keesssatti hojiin agarsiistuu misooma
beeyiladaa fi qurxummii hundeessuun qonnaan bultoonni akka irra baratanii fi
babal’isaan kan taasise;

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 6


 Garee misoomaa miseensota garichaa sadarkaa raawwii hojii isaaniitin addaan
baasee ragaa kan qabatuu fi garagarummaa itti fayyaadama teknooloojjii
ammayyaa miseensota gidduu jiru kan dhiphise;
 Oomishaalee beeyiladaa fi quxummii gabaa irratti barbaadamuu fi kanneen
naannootti oomishamaa jiran ykn oomishamuu danda’aan addaan baasuun wal
duraa duubaan ka’uudhaan akka oomishaman haala kan mijeessuu fi ragaa haala
gabaa qindeessuun qaama barbaaduuf kan kennu.

2.3. Garee Misoomaa

 Garee misoomaa hojii isaaniitiin adda duree ta’uun qonnaan bultoonni biraa
muuxxannoo isaanii fudhachuun akka hojiirra oolchan kan taasiise;
 Miseensonni haala hojimaata jiruutiin kan marii’atanii fi karoora haala garee
isaanitiin baafachuun raawwii jiru irratti gandaaf gabaasa yeroo isaa eege kan
dabarsu;
 Miseensoota garee misoomaa keessatti gurmaa’an haala hojimaata jiruutiin marii
kan adeemsisanii fi raawwii hojii isaanii irratti walqorachuun kan wal cimsu;
 Dhimma hojii qabeenya uumamaa irratti barbaachisummaa fi haalli ittin hojiin
raawatamu irratti marii’achuun yaada wal fakkaatu qabate kan sochoo’u;
 Meeshaa fi humna namaa hojii duulaa misooma beeyiladaa fi qurxummiif
barbaachisu hunda guuttachuun haala barbaadamuun kan raawwate;
 Hojii lakka’ame/safarame gareef kenname sagantaa hojii baafachun kan hojjetu;
 Hojiin qulqullinaan akka hojjetamu kan hordoofu,haala lakka’ame kennameen
qaama dhimmi ilaallatuuf lakka’ee kan kennu;
 Hojiin yeroo xumuramu miseensoonni haalli itti hojjetan kan gamaaggamuu fi
miseensootaaf kan sadarkaa kaa’uu;
 Hojii misooma jallisii fi kuusaa bishaanii garee isaanii keessatti hojjachuun
misooma nyaata beeyiladaa fi qurxummii babal’isuun fakkeenya kan ta’an;
 Miseensonni garee callaa guddistuu beeyladaa fi quxummii bitaachuun akka itti
fayyadamanii fi hojimaata foyya’aa hojiirra akka oolchan kan taasiise;

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 7


 Miseensonni garee misoomaa hundi qarshii bittaa callaa guddistuu beeyiladaa fi
quxummii isaan barbaachisu Waldaa Liqii fi Qusannaa Oromiyaatti akka
qusatan kan taasiise;
 Garee misoomaa miseensonni isaa kompoostii qopheessuun marga uumamaa
qaban foyyeessun kan itti fayyadaman;
 Miseensonni garee hojii nyaata horii baay’isuu irratti hirmaachuun hanqina
sanyii filatamaa nyaata beeyiladaa jiru hiikuu keessatti gahee isaa kan bahe;
 Biqiltuu fi margi nyaata beeyiladaa garee isaanii keessatti akka bal’inaan
qophaa’uu kan taasiisee fi misoomsee kan hojii irra oolche;
 Garee misoomaa miseensota garichaa sadarkaa raawwii hojii isaaniitin addaan
baasee ragaa kan qabatuu fi garagarummaa itti fayyaadama teknooloojjii
ammayyaa miseensota gidduu jiru kan dhiphise.

2.4. To’aataa Misoomaa (Superviser)

 Maalummaa fi faayyidaa galmoota gurguddoo karoora guddinaa fi


tiraanisfoormeeshinii irratti hubannoo gahaa qabaachuun hojjettoota misoomaa fi
qonnaan bulaaf deeggarsa kan taasiise;
 Hojjettoota misoomaa gandarra jiran biratti rakkoolee ilaalchaa fi hubannoo
mul’atu addaan baasuu fi karoora rakkoo kana hiiku baasuun haala itti fufiinsa
qabuun raawwachuun dandeettii raawwachiisummaa isaanii guddisuun oomishaa
fi oomishtummaan beeyiladaa fi qurxummii akka guddatu kan taasise,
 Muuxxannoowwan gaggaarii misooma beeyiladaa fi qurxummii gandoota inni
to’aatu keessatti argaman addaan baasuu fi qindeessuun aanaaf kan dabarsee fi
muuxannnoowwan gaggaarii misooma beeyiladaa fi quxummii aanaa irraa
darban qonnaan bultoota hunda biratti akka hojiirra oolan taasisuun oomishni
akka guddatu kan taasise;
 Gandoota qindeessu keessa ganda giddugaleessa ta’e keessa jiraachuun
deeggarsa kennaa kan jiru;

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 8


 Rakkoolee dhiyeessii fi raabsaa callaa guddisuu beeyiladaa fi qurxummii
akkasumas itti faayyadama teeknooloojiiwwan beeyiladaa fi qurxummii keessa
jiran addaan baasuun deeggarsa barbaachisaa kan taasiise;
 Ogummaa isaaf jaalala kan qabuu fi qonnan bultootaa fi hojjettoota misoomaa
biraatti dhiyaachuun barsiisuu fi deeggaruun fakkeenya kan ta’e;
 Hojmaataa fi yaadoota haaraa fi fooyya’insa qaban dhiyeessuu fi hojiirra
oolchuun fakkeenya kan ta’e;
 Raayyaan misoomaa akka ijaaramuu fi karoorri qophaa’e raayyaa kanaan akka
raawwatamu hojii qindeessummaa guddaa kan hojjate;
 Ilaalcha misoomaa fi demokraatawaa qabaachuun misoomni ariifachiisaa fi itti
fufiinsa qabu akka galmaa’uuf qonnaan bultootaa fi hojjettoota misoomaa
amansiisuu qofaan hojjechsiisuun yeroo isaa hunda hojiirratti kan dabarsu;
 Hojjetoota misoomaa fi garee misoomaa dhiyeenyatti deeggaruun jijjiirama
qabatamaa kan galmeessiise;
 Leenjii wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa keessatti hojjetaa misoomaatiin
kennamuu fi hojii qabatamaan hojjetamu keessatti qonnaan bultoonni modeelaa
fi fakkeenya gaarii ta’an bal’inaan sulula misoome keessatti akka horataman
deeggarsa barbaachisaa kan kenne;
 Hojjetoota misoomaa hundaaf deeggarsa teeknikaa gahaa ta’e kennuun hojii
misooma beeyiladaa fi qurxummii hojjetaman qindeessuun bu’aa ol ’aanaa kan
galmeessiisee fi garagaruummaa gandootaa kan dhiphise;
 Ganda irraa odeeffannoo sassaabee, qindeessee yeroon aanaaf kan dabarsuu fi
duub-deebii fi odeeffannoo gahaa aanaa irraa darbu gara hojjetoota misoomaatti
dabarsuun kan deeggare;
 Karoora dhuunfaa baafachuun gahee hojii isaa guutuumaa guutuutti kan
raawwate fi gareen/raayyaan hojjechun karoora hojii misooma beeyiladaa fi
qurxummii bu’aa qabeessa kan taasiise.

Ulagaalee Filannoo Adda Durootaa Page 9

You might also like