You are on page 1of 60

MUJULAA LEENJII HOGGANSA KOREE XIQQAA

DUBARTOOTA WALDAA ITTI FAYADAMTOOTA BISHAAN


JALLISIITIF

Onkololeessa 2017

In association with
WAA’EE MAANUWAALII KANAA

Maanuwaaliin leenjii kun ogessota jallisii xiqqaa fi xixiqqaa aanaalee fi sadarkaa hawaasaatti
argamanif bara 2017 A.L.A Piroojektii Deeggarsa Jallisii Xiqqaa fi Xixiqqaa Oromiyaa tiin
qophaaye.
SEENSA

Proojektiin “SMIS” tooftale ijjarsa dandeetti jallisii xiqqaa fi xixiqqaa irratti biyittin qabdu
deggaruf/cimsuuf hunda’ee. Kayyoon isaas dhabileen mootummaa, dhabileen dhunfaa,
waldaaleen itti fayyadamtoota bishaan jallisii akkasumas qonnaan bultootni;jallisii xiqqaa fi
xixiqqaa keessatti korniyaa idileesuudhan misooma itti fufinsaa qabau akka fidanif deggaruudha.

MAANUWALI KAANA AKKAMITTI ITTI FAYADAMNAA

Kaayyoo
Manuwaliin kun dubartoota waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii kessa jiran deegaruuf
kaayyoowwan gurguddoo sadi qabaa. Isaanis:
 Akka miseensa waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisiitti mirgaa fi dirqama isaanii akka
hubatanf dhimmoleen koornayaa waliin walqabataan, dubartoonni mirga isaanii
guutuummaan guutuutti akka ittin hin fayyadamne isaan tasiisu akka hubatan taasiisuuf
 Koree xiqqaa garee dubartootaa, wixinee qajeelfama raawwii fi karoora qabu hundeesu.
 Gagesitoota cimoo akka ta’anii fi dubartota bakka bu’udhaan mariiwwan uumataa
kessaatti akka dubbataan dandeesiisuu.

Haala Mijestottaa fi Hirmaattoota


Maanuwaliin kun ogessoota sadarkaa Aanaa irraa jiranii fi hojattoota misoomaf kan qopha’edha.
Ibsi gababan erga irraatti kennameef booda haala salpha ta’en itti fayyadamu
nidanda’u.Hirmaattooni/itti fayyadamtooni maanuwaalii kana miseensa waldaa itti
fayyadamtoota bishaan jallisii keessumayu dubartootaa bishaan jallisiitti fayyadamanidha.

Mujulaa
Maanuwaliin kun mujuloota ja’a of keessa qaba. Mujulooni jalqaba sadan dubartootaa hundaa
(dubartootaa abbawaraa ta’anii fi dubartootaa abbawarraa qabaan hunda) bishaan jallisiitti
faytadamaniif yoo ta’uu warri haffan sadan immo, dubartootaa koree xiqqaa garee dubartootaa
kessatti filatamaniif kan qopha’edha.

Mujula 1: Dubartootaa qonnaan bulaaf waa’ee waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii
ibsuu.
Mujula 2: Dhiimma koornayaa misoomaa fi bulchiinsa jallisii xiqqaa fi xixiqqaa
Mujula 3: Koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa hundessuu
Mujula 4: Wixinee qajeelfama raawwii koree xiqqaa garee dubartootaa
Mujula 5: Leenjii gaggessummaa
Mujula 6: Saganta raawwii karoora

Haala mijeesuu
Mujuloonni ja’an kun haala mijeesitoonni dubartootaa hirmaachisaa, haawataa fi
bashannansiisaa ta’en barsiisuu akkata danda’anin kuutaalee/sadarkaalee adda addaatti haala
armaan gadiin hiramaniru.

1. Seensa
2. Tokoo Tokkon Keenya Wal Habaru
3. Mata Dureen Maali?
4. Ofitti Amanamummaan Kee Hammamii?
5. Dhageefachuu fi Barachuu
6. Dub Deebii Hanga Amma Kan Baranee Irratti
7. Xumura
8. Shakallii
9. Har’aa Maal Barannee?
“Tokoo Tokkon Keenya yeroo Wal habaruu yeroo baaye tapha ykn haala bacootin kan qopha’u
ta’e dubartoonni caalmatti ofitti amanamummaan isaani akka dabaluf gargaara.
Matadureen “Ofitti Amanamummaan Kee Hammamii?” jedhu, dubartoonni dhageeffachuu fi
barachuu isaani dura ilalchaa fi amalli isaan qaban maal akka fakkaatu akka yaadanif isaan
gargaaraa. Akka gageessa tokkotti yaada isaani bal’isanii akka deebii kennan isaan yaadachiisa.
Matadureen Dhageeffachuu fi Barachuu jedhu, mataduree lenjiicha beeksiisuudhan
dubartoonni odeeffanno gahaa akka argatan ni tasiisa. Odeeffanoon argataniin booda shaakallii
fi gaaffiwwan adda addaa ni gafaatamu.
Matadureen Shaakalli dubartooni waan baratan kallattidhan akka shakallaniif caarraa ni kenna.
Kunis dubartootaa angeesu keessatti shoora gudda ni taphataa.
Mujulonni hundinu dubartoonni muxaanoo isaani akka ibsan, wantoota baratanii fi shaakaalan
irrati dub deebii akka kennanif carra ni kennaf. Dubartootaa jajjabeesuu fi angeesuf haala
mijeesitoonni sadarkawan kutaalen mujuli ittin ta’an hordofuun barbaachisaadha.

Tooftaalee Haala Baruu fi Barsisu Kornaya Idileefate Ittin Mijjeesinu


Dubartoon jallisii keessatti argaman hundi (dubartoota abbawarraa ta’anii fi dubartootaa
abbawarra qabaan hunda) akka hirmaataniif kaayyoo walga’ii, eesatti fi yoom akka ta’e
odeeffannoo gahaa ta’e dabarsu. Beeksiisa maxanfama yoo ta’e bakka dubartoonni arguu
danda’aniti maxxansu fkn mana sagada, bakka gaba, mana yaala kkf.
Bakki leenjii/walga’ii dubartootaaf kan mijaatu, dhihoo fi bakka isaan beekan ta’u qaba.
Akkasumas dubartootaa dulloomaan ykn qaama miidhamtoonni yoo jiraatan haala isaani
hubachuun barbaachiisadha. Yeroon leenjii dubartootaaf yeroo mijaatu ta’u qaba.
Dubartoonni weeddu, shubbisuu, waliin hasa’uu fi baacoo ni jaalatu. Haala baruu fi barsiisu
hawwataa fi bashanasiisa tasiisa. Haalli yoo mijaatuf dubartoonni caalumaatti ni baratuu
shaakaluufiis fedhii ni godhatu.
OFITTI AMANAMUMMAA

Ofitti amanamummaan dubartoonni fedhii fi yaada isaani jabinaan sooda male akka ibsan taasiisu
keessatti baayyee barbachiisadha. Kunis dubartoonni gageesumma WIBJ keessatti fudhatamaa fi
kabaaja akka argatan isaan taasiisa. Guutuumman guutuutti ofitti amanamummaa qabaachuf
namni tokko barbachiisa akka ta’eetti of ilaalu, mirga jireenya qabuuti gammaduuf of isaa ta’u
qaba. Kana goochun namaaf kabaaja akka qabaatuu fi ofiikees akka kabaajuu sitaasiisa.

Ofitti amanamummaa jechuun:


 Amanamumaa dhaan, iftoomina fi haala sirri ta’een illalchaa fi fedhii ofi ibsuu.
 Dandeetti fi mirga ofii osoo mirga namaa hin xuuqiin ibsuu danda’uudha.
 Mirga ofii dabarsani oso hin laatiin mirga ofif dhaabbachuu.
 Waliitti dhufeenya barbaachiisa, qajeela, amanamaa fi iftoomia qabachuu.
 Waa’ee ofi keenya gaariin akka nutti dhaga’amu ni taasiisa; carraa walitti dhufeenya Mana
manatti qabnu ni guddisa.
 Dandeetti murteesumma keenya akkasumas caarraqii waa argachuuf tasiisnu ni dabala.
 Dandeetti walqunnamtti barbaachiisaa dha.
 Dendeetti fedhii qabnu irratti yaadaa fi waan nutti dhaga’amu ibsuu fi namoota biroo waliin
karaa waliittii dhufeeyaa banaa ta’e qabaachuu.
 Waan dhuga ta’e irratti xiyyeefachuu.
 Xiyyeefanon dhageefachuu
 Wal dhabbii hiikuu.
 Of kabajuu
 Namoota waliin walittidhufeenya ifa ta’e qabaachu.
Qabxiiwwan ibsaman hunddi hooggantoota dubartootaa WIBJ keessa jiran hundaaf ni
barbaachisa. Hooggantu gaari ta’uf shaakaluun barbachisadha.
Bu’awan ofitti amanamummaan
1. Caarraa fedhiin keenya itti raawwatu ni dabala.
Namootatti dheekamsoo malee waan barbaanuu yoo himanne, nu gargaaru fi fedhii ni
godhatu. Yoo nu gargaaru dadhabani nutis aari/dheekamsa maale fudhanne, hiriya nu ta’u.
2. Akka of to’anu nu taasisa.
Waan barbaannu tokko ofi murteffachu ni dandenya. Kana rawachufis carrawwan jiran ni
sakataana ykn waan isa fakkaatu tokko raawachuf ni gargaara. Ofitti amanamummaan akka
raawwanu nu tasisa.
3. Akka ofitti amannu nutaasiisa
Of to’achuu fi maal argachuu akka dandeenyu baruun ofitti amannu ni dabala. Kun immo
ilaalcha nuuti ofi qabnu ni dabala, Caalmmatti milkawwa ni taana.
4. Namoota biroo irratti amanamuma akka qabaanu nutaasisa
Namooni feshi issani akka ibsanifi ni gargaara. Amanamumaafi dhugummatin yero itti
dhihaanu isaanis akkasuma ni godhu.
5. Hiriyya caala/bayye ni qabaatu
Namootati haqumma/dhugummadhan yoo itti dihaanu nu amanu, nu jaallatu yeroo nu walin
dabarsu ni barbaadu. Hiriyya nu hacucu ykn soodachisu osoo hin taanee kan dhugumaan nu
kabaaju ni qabaana.
6. Dhiphiina/yaddoo ni hir’isa
Hojjiiwwan hojjechu hin dandeenyee raawwachuf hin dhiphannu, Namonni biroo akka nu
toa’ataniif hin eyyamnuf ykn namoota bira to’achuf hin dhiphannu, dhumaa/galma keenya
filachuf human ni qabna.
7. Kaayyoo ofi akka galmaan gahan nama taasisa
Mirga fi kabaaja of eeguun kaayyoo keenya galmaan ga’u akka daneenyuf dandeetti keenya
ni dabala.
MUJULA 1: DBARTOOTA QONNAAN BULAAF WAA’EE WALDAA ITTI
FAYYADAMTOOTA BISHAAN JALLISII IBSUU

Hirmatoonnii: Dubartootaa daangaa tajaajila waldichaa keessatti kan argamaan, dubartootaa


abbawaraa ta’anii fi dubartootaa abbawarra qabaan hunda.
Meeshaa barbachisuu: Haala mijeesiitootaaf filipii chartii fi markeerii, hrimatootaaf yadannoo fi
peennaa /Iskiriptoo
Yeroo Barbachisu:sa’atii 2
Dhuuma irratti Hirmatoonni beekuu kan qabaan:
 Ulagaa miseensummaa WIBJ
 Mirgaa fi dirqama miseensoota WIBJ dhiiraa fi dubartootaa.
 Caasefamaa waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii.
 Caarrawwan dubartoonni WIBJ keessatti hirmachuuf qaban.
Hirmatoonni kana agarsiisuu ni danda’u:
 Akkamitti namoota angoo irra jiiran duubisaan/hasofsisaan
Qajelfama/Kallatti: Sadarkalee/kuutaalee jiraan hordofu.Walga’iin dura filipii chartii huunda
barresuun qopheesuu.

Seensa
Dubartoonni daangaa tajaajila WIBJ keessa jirtaan huundii keessaan baga nagaan gara walga’ii
kanatti dhuftaan. Guyyaa kana waa’ee WIBJ fi WIBJ keessatti hirmachuuf caarra qabdaan
baranna.

Tokoo Tokkon Keenya Wal Habaru


Mataduree barnnoota guyyaa har’aa osoo hin egaliin duraa wal baruun gariidha. Mee yaadaan
gara mana kenyyatti debiinee taphaa tokko haa taphannuu innis “Wantta tokko mana keessa
jiru yaaduun”.
Ijaa kee dunufadhuutii wantoota mana kee keessa jiraan irratti xiyeefadhuu tii yaad.Sanaan
booda wantoota ykn meeshalee ykn waan kamiiyuu mana kee keessa kan jaalattu filadhu, Kan
akka foliin, dhaandhama, yaadaan.
Wanta caalmatti waa’ee mana kee si yaddachisuu filadhu, edda filaten booda, dubartootaa biroo
afur waliin dubbadhuu. Dubartootaa birootiif wanta filate ibsiif.
Wanta mana kee keessa jiraan keesaa kan jaalattu waan nu ibsiiteef galatoom.
Mana biraa qabachuu keessan ho ni beektuu? Waldaan itti fayyadamtoota bishaan jallisii mana
biraa keessanidha innis wantoota gagaarii isin yadachisu qaba.

Mata Dureen Maali?


Har’aa barachuuf kan deemnuu wa’ee waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii fi koree xiqqaa
WIBJ garee dubartootaa waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisiiti.

Ofitti Amanamummaan Kee Hammamii?


Dhimmoota armaan gadii osoo hin gafatiin dura jechoota/gochoota kornayaa dubartootaa ykn
walga’ii ummata ilaalchiisee dubataman gafadhu.Fkn dubartoonni ni qana’u, kan hin barannee,
ummataa keessatti dubbachuu kan hin dandenyeef abba warra issanii fi dhiroota biroo biraatti
dubachuu ni sodaatu.
 Uummata keessatti dubachuu ni sodata?
 Namoonni bu’aa kee akka sirraa fudhataan ni hayyamta? Maaliif?
 Ati akka dubartitti mirga keef dhabbachuu ni dandessa?
 Abbaan warraa kee oomishaa qonnaa gabaa geese gurguree mallaqaa isaa osoo siin hin
mari’atiin yoo ballesee:
a. Nama waan inni raawwate hin beekne fakkadhen callisa.
b. Aniis, yeroo itti anuutti osoo isaan hin mari’atiin yookiin osoo itti hin himiin
akkuma inni godhe godheen akkaa innis baratu nan taasisa.
c. Maliif kana raawwate jedhee akka inni naaf ibsuu nan gafadha, Kanaan booda
marii koo malee irra debi’ee akka hin raawwane waadaa nan galchisiisa.
Deebii sadan kana irratti tokko tokko isaa irraatti mari’adha.Wa’ee oftti amanamuummaa maal
jedhani?

Dhageefachuu Fi Barachuu
1. Waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii (WIBJ) jechuun maali? Enyutu miseensa waldaa
ta’uu danda’a?
Filipii chartii iraatti waliigala sababaa, dambii itiin bulmaata, Qajeelfamaa fi hojii waldaa itti
fayadamtoota bishaan jallisii ibsuu.
Waldaa Itti Fayyadamtoota Bishaan Jallisii
Barbachisuummaa :
 Bu’uraalee Jallisii fi Qoorsa lafaa bulchuuf
 Tooftaa Qonnaa jallisii fi itti fayyadama bishaaan jallisii dirirsuuf
 Oomishaa fi oomishtummaa Qonnaa jallisii guddisuuf
 Bishaan jallisii haala barbadamee fi itti fufinsa qabuun itti fayyadamuuf haala
mija’aa umuuf
Qajeeltoo :
 Itti fayyadama bishaan misooma jallisii irratti miseensoota giddutti sabumaan,
saalaan, amantaan, naanummaan yookiin sababoota kaminiiyuu osoo wal hin
qoodiin tajaajila wal-qixa ta'ee fi haqa qabeessa ta'e kennu.
 Murtoo kennu irratti hojimaata hirmachiisummaa fi iftoomina qabu hordofuu.
 Murtoo haqa qabeessa kennuu fi qoodiinsa bishaan misooma jallisii qixa sirri ta'een
qooduu.
 Qisasaamaa fi faalamaa bishaanii, dhiqama biyyoo, sogidummaa hambisuuf
akkasumaas eegumsaa fi kuununsaa naannoo cimsuu fi bu'uuralee misooma jallisii
daangaa tajaajila isaa keessatti argamu eeguu fi bulchuu.
Hojii WIBJ :
 Sagantaa rabsa bishaan jallisii qophesuun karaa haqaa qabeessa ta’een Rabsii
Bishaanii akka raawwatamuu ni tasiisa.
 Jallisii fi Qoorsa lafaa daangaa tajaajila isaa keessa jiruu ni bulcha, ni suphaa,
miseensii isaa akka itti fayyadamuu ni tasisa.
 Bu’uuralee misooma jallisii fi Qoorsa lafaa daangaa tajaajila isaa keessatti argamuu
haala sirri ta’ee fi yeeroo isaa eggateen akka suphaamu ni tasisa.
 Qisasaamaa fi faalamaa bishaanii, dhiqama biyyoo, sogidummaan akka hin
umaamne tarkanfii fudhachu.
 Qabeenyaa fi herrega waldichaa haala gariin akka qabamuu ni tasisa.
 Itti fayyadaamtoota gidduu walitti bu’iinsa uumaame hiikuu.

2. Odeeffaannoo bu’uuraa waa’ee waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii edda


dhiyeesiiteef booda, gafiiwwan armaan gadii dubartootaa gafadhu:
 Miseensa waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii akka tataniitti of yaadu?
Dubartoonni harkaan akka agarsisan gafadhu.
 Kan heerumtee yoo taate, abban warra kee miseensa WIBJti jeette yaada?
Dubartoonni harkaan akka agarsisan gafadhu.
 Miseensa WIBJ ta’uu fi dhisuu kee akkamitti beekta? Ulagaan miseensumma maal
akka ta’ee dubartootaa gafadhu.

3. Filipii chartii irratti ulagaa miseensummaa WIBJ ibsi :


Ulagaa miseensummaa WIBJ
 Mirga abbaa qabiyyummaa seera qabeessa nama lafa daangaa waldaa akkaataa Labsii
kanaan hundaa’e keessaa kan qabu;
 Mirga abbaa qabiyyummaa dhaaltummaan yookiin karaa seera qabeessa ta’een nama
lafa daangaa waldaa keessaa qabu;
 Akkaataa Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannichaatiin mirga itti
fayyadama lafaa kiraan argate ;
4. Ulagaa miseensumaa edda dhiyeesiiteef booda gaffiiwwan armaan gadii garee
dubartootaa gafadhu :
a) Dubartoonni akamiitti miseensa WIBJ ta’uu danda’u? Akkaataa abbaa qabiyyummaa
lafaatiin moo? Akkaataa mirga dubartumaan qabaniin?
b) Akka miseensa WIBJtti mirgii ati qabdu maali?
c) Akka miseensa WIBJtti itti gafatamummaan ati qabdu maali?
5. Mirgaa fi Itti gafatamummaa miseensa WIBJ Filipii chaartii irra jiru debii dubartoonni
kennaan waliin madaali.
Filipii chaartii irratti mirga miseensa WIBJ ibsi.
Mirga mieensa WIBJ dhiiraa fi dubartii :
 Bishaan jallisii waldiichi rabsuu gahee isaa seeran arggachuuf mirga qaba.
 Tajaajila waldichi kennu ykn karaa waaldichaatiin argamuu mirga itti fayyadamuu qaba.
 Kanfaltii waldichaa seera qabeesa ta’ee kanfalee yoo xumuree filuu fi filatamuu ni danda’a.
 Ya’ii waligalaatiif ajandaa marii dhiyeesu ni danda’a.
 Galmee waaldichaa ilaaluu, akkasumas haala qabinsaa herregaa fi karoora hojii
rawwachiiftuu ilaaluun ragaa argachu ni danda’a.
6. Filippii chartii irratti Dirqamaa fi itti gafatamummaa miseensa WIBJ gurguddoo ibsi.
Dirqamaa fi itti gafatamummaa miseensa WIBJ dhiiraa fi dubartii:
 Seera itiin bulmaataa fi Qajeelfamaa waldichaa kabajuu qabu
 Kanfaltiiwwan waldichaa raawwachuu.
 Saganta rabsaa bishaanii waldichi basee irratti hunda’ee bishaan jallisiitti fayyadamu
qaba.
 Hojii bu’uuralee fi qoorsa lafaa suphuu fi qulqullesuu kallattiin waldicha ilaalatu
raawwachu qaba.
 Seera teekiniikaa opereshinii fi suphaa bu’uralee misooma jallisii fi qoorasa lafaa
ilaalchisee hojiirra olaan raawwachuu qaba.
 Itti fayyadama bishaan jallisii irratti waldhabinsa uumaame hiikuuf Murtoo waldichi
kenne kabajuu.

7. Mirgaa fi dirqama miseensa WIBJ edda ibseteef booda gaaffii armaan gadii garee
dubartootaa gafadhuu:
a) Mirgaa fi dirqama kee keessa akka miseensa WIBJtii kan sidinqisiise/sitti tole
kami?
b) Mirga kee hundatti fayyadamteeta? kan hin fayyadamnee yoo ta’ee isaa kam?
Maaliif?
c) Dirqama sirra eegamu hundda baateeta? kan hin baanee yoo ta’ee isaa kam?
Maaliif?
d) Mirga keef dhabachuu fi dirqama kee baahuun akka miseensa WIBJtti bu’aa
dabalataa qaba jette yaada? Eyye yoota’ee,a kamitti? Lakki yoo ta’e, maliif?
8. Waa’ee Mirgaa fi dirqama irratti edda mari’ataan booda gaffii armaan gadii dubartootaa
gafadhu: WIBJ irraa fayyadamuuf, namoonni dhiimi WIBJ illaalatu akkamitti mirgaa fi
diraqama siif kenname itti ilaalanii fi gageesantu murteessa.
a) WIBJ enyu akka gagesuu beekta?
b) Dhimmota kee eenyutu WIBJtti diheessa?
WIBJ Koree adda addaa fi caasefama adda addaatiin kan gaggefamuu dha. Namoonni
koree irratti filatamaan yaa’ii waliigalatiin mirkana’ee hojii waldichaa ilaalatu fi
dhimmoota kee kan raawwataan ta’u.

9. Caasefama WIBJ hirmatootaf ibsi


Akkaataa Labsii WIBJtiin caasefaama WIBJ kanneen armaan gadii ni qabata.
Yaa’ii waliigala :
a. Karoora hojii fiziikalaa fi Baajaata ni mirkaneessa ( operashinii fi suphaa bu’uralee
misooma jallisii fi Qoorsa lafaa )
b. Qaama hojii gagggesaa, koree too'aannoo, koree falmii hiikuu fi miseensa koreewwan
xixiqqaa waldichaa filuu fi angoo irraa buusuu.
c. Dambii ittiin bulmaata waldichaa fi dambii keessaa mirkaneessuu fi fooyyeessu
d. Kanfaltiiwan miseensan kaffalaman, buusii fi hanga adabbii murtessuu

Koree hojii raawwachiftu :


Miseensi koree hojii raawwachiftuu sadii (3) gadi kan hin taanee yookiin kudha tokkoo (11)
kan hin caalee yaa’ii waliigalatiin kan filatamanii fi itti wamaminni isanii yaa’ii waliigalaatiif kan
ta’e ni qabaata .koreen hojii raawwwachiftuu Miseensota yookiin bakka bu’oota daangaa
tajaajila waldichaa gara gubbaa, Giddu galeessaa fi gara gadii irraa kan filatamaan ta’e
murtowwan yaa’ii waliigalatiin kenname kan raawwachiisu ta’a.
Koree to’annoo:
Miseensi koree to’annoo yaa’ii waliigalaatiin filatamaan lakkoofsi isaanii sadii hanga shan (3-5)
kan ta’ee ni qaabata. Koreen hojii raawwachiiftuu gahee hojii isaanii sirritti ba’uu isaanii ni
hordofa, Qabeenyii fi mallaqnii waldichaa haala Labsii fi dambii ittiin bulmaata waldichaattin
hojiirra ooluu isaa ni to’ata.

Koree waldhabisa hiiku:


koreen waldhabinsa hiiku uummata biraatti fudhatama kan qabanii fi namuusa gaarii kan
qaban miseensa shan (5) hin caallee yaa'ii waligalaan kan filaman ta’a. Gaheen hojii isaa
Miseensa waldaa giddutti walitti bu’iinsa itti fayyadama bishaan misooma jallisii,raabsa
bishaan fi dambii ittin bulmaata fi seera ittin bulmaata keesoo WIBJ cabsuu waliin
walqabatee falmii ka’uu hiikuu.
Koree hojii raawwachistuu, koree to’annoo fi koree waldhabinsa hiiku yaa’ii waliigalaa tiin
kan filatamaanii fi itii gafatamuummaan isaanii yaa’ii waliigalaaf ta’a.

Koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota


Koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa: Akkaataa dambii ittiin bulmaata WIBJ keessatti ta’een
dubartootaa qonnan bula ta’ani daangaa waldichi tajaajila kennu keessa lafa qaban koree
xiqqaa WIBJ garee dubartootaa akka hunda’uu ta’ee jira. Koreen xiqqaa WIBJ garee
dubartootaa kun dubartootaa qonnaan bula ta’aan rakkoo isaan akka adda bafataan ni
jajjabeessa, fedhii fi waan barbadaan akka ibsaataan ni tasiisa, yaada isaanii gurmesse
koreewwan biroo fi yaa’ii waliigalaa irratti akka dhiyaatu ni tasiisa.
Koree xiqqaa WIB karoora qonnaa misooma jallisii fi:
karkaroora Qonnaa jallisii kan Qopheesuu fi kan qindeesuu koree xiqqaa karoora qonnaa jallisii
ittifayyadamtoota Bishaan jallisii keessaa hundeesuun barbachisadha. koree misooma qonnaa
miseensa 5-7 kan qabu itti waamamnni isaan koree hojii raawwachiiftuu waldichaaf ta’a
 Karoora qonnaa misooma jallisii ni qopheesuun koree hojii raawwachiiftuu waldichaaf
ni dhiyeesa
 Hojiin qonnaa jallisii haala karoorffameen akka raawwatamuu miseensa waldichaa ni
deeggara, ni hordofa.
 Fedhii galteewwan misooma qonnaa jallisiif oolu ni qindeesuun koree hojii
raawwachiiftuuf ni dhiyeesa
 Miseensonni waldicha tajaajila ekisteenshinii (Ittifayadama bishaanjallisii ,teeknolojii
jallisii fi misooma midhaanii) irratti leenjii akka argataan haala ni mijeessa.
 Ragaa sochii hojii misooma jallisii( Lafaa misoome, oomishaa arggame, itti
fayadamtoota bishaan jallisii abbaa warraa dhiiraa fi abbaa warraa dubartii) haala unkaa
Abbaan Taayitaa qopheesse irratti hunda’uun ni qindeesa, koree hojii raawwachiiftuu
waldichaa fi qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyesa.

Koree xiqqaa WIBJ Egumsa Biyoo fi bishaan


Qisaasamaa fi faalama bishaanii, dhiqama biyyoo, sooqiddummaa hambisuuf akkasumas
eegumsaa fi kunuunsa naannoo cimsuu fi bu’uuraalee misooma jallisii daangaa tajaajila isaa
keessatti argamu eeguuf koree xiqqaa WIBJ eegumsa biyyoo fi bishaanii hundeesuun
barbachiisadha
 Daangaa tajaajila waldichaa keessatti bakka eegumsii biyoo fi bishaanii barbachiisuu
adda basa.
 Daangaa tajaajila waldichaa keessatti karoora hojii eegumsa biyyoo fi Bishaanii
qopheesuun koree hojii raawwachiiftuu waldaaf ni dhiyeessa .
 Haala Karoora hojii eegumsii biyyoo fi bishaanii qopha’ee irratti hunda’ee hojii
fiziikalaa fi Biologicalaa miseensonni akka raawwataan ni qindeessa ni hordofa.
 Gabaasa hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindesuun koree hojii raawwachiiftuu ni dhiyesa
koree xiqqaa WIBJ Opereshiinii fi suphaa (O&M)

 Rabsii bishaan jallisii bo’oo lammaffaa gidduutti ga’aa ta’ee fi waliqixaa ta’ee akka
jiratuu mirkaneesuuf Karoora waggaa opereshinii qopheesuu.
 Rabsa Bishaan jallisii akkataadabaree raabsaa bishaanii mirkana’een boo’oo lammaffa
gidduutti bishaan ga’aa ta’ee fi waliqixaa ta’ee rabsuu.
 Waqtilee jallisii keessatti ijaarsawwan daangaa tajaajila iskiimii jallisii keesatti
arggamuu guyyaa guyyaan sakata’uu.
 Waqtilee jallisii keessatti bo’oo lammaffaa qulqullesisuu fi suphaagaggessu.

Dub Deebii Hanga Amma Kan Baranee Irratti


Waa’ee caaseffama waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii odeeffannoo bu’uraa edda ibsitaniif
booda gaffi armaan gadii dubartootaa gafadhu: (yoo hirmatoonni bayee ta’aan garee xiqqatti
addan qooditii deebii isaanii bakka tokkotti walitti qabi.
 Koreewwan WIBJ keessa nama beektu qabdaa? Dhiiraa moo dubartiidha?
 Rakkoon siqunname miseensa koree WIBJ tokko bira dhaqxee beektaa? Itti hasa’un
salphaadha moo ni ulfata? Muxannoo kee ibsii.
 Koree WIBJ tatee filatamuf dorgomtee/dhihaate beekta? Milkoofteeta/bu’aa qabessa
taatee turte? Yoo hin taanee maaliif?
 Koree WIBJtti filatamuu ni barbaadda? Deebiin kee yoo lakki ta’ee maaliif?
 Koree xiqqaa garee dubatootaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii irratti yaada akkami
qabda? Irratti hirmachuuf fedhii qabda? Mee Maaliif?

Xumura
Kuutaan workshopii kana waa’ee dubartoonni miseensa waldaa Itti fayyadamtoota bishaan jallisii
ta’anii carraa jiruu hundaa irraa bu’aa argachuu akkaataa itti danda’aan ibsa.Hata’u malee
guutuummaa guutuutti akka fayyadamaan gochuuf, dubartoonni mirga isaanii akka beekaanii fi
itti gafatamummaa isaanii akka bahaan barbaachisa. Kanafuu gurma’uu fi sagalee isaan
dhageesifachuu qabu.Karaan tokko kan ittin qaamni ol’aanaa/itti gaafatamtonni WIBJ dhimma fi
yaado/rokko keenya akka beekan gochuu dandeenyu, ofitti amaanamuumaan isaan waliin walitti
dhufeenya qabachudha.
Dubartoonni yeroo bayee qaama ol’aanaa/itti gaafatamtoota WIBJtti siqani mari’achu hin
sodatu, sababbin isaas yeroo bayee angoo fi bulchiinsa irratti kan dhuufu dhiirota waan ta’ef.
Dubartoonni yeroo hundaa dhiiroota ni kabaajuu, ni dinqisifatu. Dubartoonni ija kan
lfaan/qaana’an yoo ta’eelee dhiirota waliin dubaachuun dura muxaannoo /shakallii dabalata
isaan baribachisa.

Shakallii!
Namoota aangoo irra jiran waaliin walitti dhihaataani dubbisu
Namoota aangoo irra jiran waaliin walitti dhihaatani dubbisu shakallu fi dhimmota keenya adda
addaa fakeenya goonee bifa diramaatiin shakalaa. Diramaa agarsistoonni, dubartooni WIBJ
keesatti akkamitti of danda’anii/angoomani mirga isaanii itti gafatan agarsiisuu qaba.
Hirmaatoota addaan baasuun garee 4 hundeessu:
 Tokkon tokko garee dhimmota armaan gadii tara’aan irratti hunda’ee diramaa dhiyesa.
Diramichiis waa’ee mirga miseensa WIBJ fi Itti gafatamummaa ta’a.
 Tokko tokko garicha qunnamu. Ibsa diramicha dubbisu.
 Misensi garichaa taatoota/namoota diramichaa raawwatanii akka ta’anifi diramichaa
akka hojjetaan ibsu.
 Yaadni diraamoole waa’ee dubartootaa ykn akkaataa dubartoonni namoota aangoo irra
jiran, yeroo baayye dhiira, waaliin walitti dhihaataani dubbisan mul’isa.
 Miseensoota garee,seenaa yaada diraamaa irratti akka qophesaanii fi taatootaf maqaa
akka kennanif gafadhu. Akasumaas taatooni maal akka jedhanii fi godhan mari’achu qabu.
 Dubartoonni Namoota aangoo irra jiran waaliin walitti dhihaataani dubbisuf ogumma
oftti amanamummaa isaanii akkamitti akka fayyadamaan agarsiisu qabu.
 Garichi diraama nama kakasuu fi nama hawwatuu akka qopheessu jajjabeessi.
 Garichi diramicha irratti akka shakaluuf yeroo murasaa kenniif.

Diramaa-----1
Gahee bishaan jalisii kee haala haqa qabessa ta’en naan argadha jeette hin yadu. Caasaa WIBJ
kaamitti dhiyate dubbista? Maalittin jetta?
Diramaa – 2
Waligaa’ii yaa’ii waligaalaa itti aanuu irratti ajaandaa murtedhaaf dhiyessu ni barbada.
Angoota WIBJ keessa enyuun dubsta? Maal ittin jetta?
Diramaa -----3
Abbawarran olla keerra du’era, haatiwarran isaa kanfallitti waldichaa ishiira jiru kanfaluu
hin dandenye. Caasaa WIBJ kamiiti dhiyatte dubista? Maal ittin jetta?
Diramaa-----4
Olaan kee gara gadii jiruu tokko siin loollee, sababbiin isaas,bishaan jallisii najalaa faalte
jadhe sin loollee. Caasaa WIBJ kamiiti dhiyatte dubista? Maal ittin jeetta?
Diramicha keessatti maltuu akka raawwatamu xinxaluuf gaffii gafadhu. Haala diramaa kana irraa
ka’uudhaan hirmaattoonni itti dhiyataanii fi haala caasaan WIBJ itti dubbisaan iraatti yaada qabu.
Gaffii armaan gadii gafadha:
 Wa’ee diramicha maltu isiinitti dhaga’ame? Isinitti tolera mo hin tolle?
 Diramicha keessatti maaltu raawwatame?
 Anga’oota WIBJ yeroo dubbisaan rakkoon turee maali?
 Rakkichi jireenya keessan dhuga waliin wal fakkata? Akkamitti?
 Namootaa angoo qaban waliin yeroo wal qunnamnu wantoonni yadatamu qaban
maali? Maal gochu qabna?

Har’aa Maal Barannee


Kuutaa kana yaadoota murasa waa’ee walitti dhufeenya caasaa waliin qabaachu qabuun irratti
yaada kennuun xumuri. Hirmatootan waltajii idilee dhugaa itti gafatamtoota WIBJ waliin
qabaachuf akka yaadan gaafadhu.Ofii isaanii akkamitti gurmeesu, waliga’iicha akkamitti
karoorsu? Mal jedhuu? Hirmatoonni murasini yaada isaani akka ibsatan taasisi.
Hirmatootatti mataduree itti aanutti akka wal argitaan itti himi.
MUJULA 2: DHIIMMA KOORNAYAA MISOOMA FI BULCHIINSA
JALLISII XIQQAA FI XIXIQQAA

Horimattonnii: Dubartootaa hunda daangaa tajaajila WIBJ keessa jiraan


Meeshaa barbachiisaan: haala mijesiitootaaf filipii chartii fi markeerii, hirmatootaaf yaadannoo
fi iskirbitoo/pennaa.
Hirmattoonni hubachuu kan qabaan
 Dhimmotaa kornayaa keessatti dubartoonni jallisii xiqqaa fi xixiqqaa arggachuu fi irraa
fayyadamuuf rakko ta’aan
Hirmatoonni kana agarsiisuu ni danda’u:
 Akkamitti dhimmota kornayaa jallisii xiqqaa fi xixiqqaa keessatti hojiirra akka olchanii fi bu’aa
irraara argataan
Qajeelfama/Kallatti: Sadarkalee/ kuutaalee jiraan hordofu. Walga’iin dura filipii chartii huunda
barresuun qopheesuu.

Seensa
Dubartoonni daangaa tajaajila WIBJ keessa jirtaan hundinuu baga nagaan dhuftaani. Har’aa kan
barannuu waa’ee dhimma kornayaa - dhiiraa fi dubartti giddutti dhimmoota walcaltee fi
haqummaan akka hin jirane kan tasisan ta’a.

Tokoo Tokkon Keenya Walabaru


1. Mata duree har’aa osoo hin egaliin dura mee tokkoon tokko keenya wal haabaru. Nutii hundi
tapha tokko waliin haataphannu. Dubartii ta’uu kotti naan gammada. Maalif?

Garee Dubartoota 4-5 qabu hundeessuu


Haala jireenya nama kamiiyuu keessatti bu’aa fi miidhaan ni jirata; dubartii yookiin dhiira
ta’uu keetiin caarraan arigatee maal. Garee keesaan keessatti jechoota arman gadii guuta.
 “Yeroo tokko tokko dubartii ta’uu koon nan gammada sababni isaa.... “
Sabaabaa adda addaa tarreessuudhan himoota xumura.
 “Yeroo tokko tokko dhiira otoon ta’ee nan hawwa sababnii isaas . . . . “
Sabaabaa adda addaa tarreessuudhan himoota xumura.
Gareewwan yaada akka wal jijjiraniif gaaffadhu
2. Dubartoonni yaadda qabaan akka wal jijjiraaniif gaffiilee arman gadii gaaffadhu.
 Kan tarreesitan keessa hojjechuuf ulfaataa kan ta’e jiraa? isa kamii? Maaliif?
 Gareen biroo kan tarreesse yeroo dhageessan maaltu isinitti dhaga’amee?
 Sabaabaa dubartootni dubatrii ta’uu koon nan gammada jedhaan irraa maal hubattan?
 Sabaabaa dubartootni dhiira osoon ta’ee nan fedha jedhaan irraa maal hubattan?
 Jechoota keessan kessatti garagarummaan dubartii fi dhiiraa maalii?
 Garagarummaan dubartii fi dhiiraa kun maaliif jirate?
3. Shakalicha, har’aa garagarummaa muuxannoo dhiiraa fi dubartiin misooma jallisii keessatti
qaban adda addumaan yoo jirate ilaala, jechuun xumuri.

Mata Dureen Maali?


Har’aa kan barannuu Wa’ee dhimma kornayaa jallisii keessatti akkamitti hojirra akka olchinu ta’a.

Ofitti Amanamummaan Kee Akkami?


 Cimina kee shaakaluu fi ibsuu dandeessaa?
 Mirga nama biraa osoo hin tuqin mirga keef dhaabbachuu dandeessaa?
 Jechoota rifachiisoo ta’anitti osoo hin fayyadamne amalaa fi yaada faallaa nama biroo ibsuu
dandeessaa?
 Akka tasaa misensoota garee giddutti falmiin yoo jirate maal goota:-
a. Dubatti debi’en maal akka umamu ilaala
b. Falmii dhabuuf giddu seenen ararsa
c. Dhugaa jiruu irratti hunda’uun yaada dhiyeese amaansiisun yaala.
Tokko tokko deebii sadaan kana irratti mar’achisi. Waa’ee ofitti amanamummaa maal jedhu?

Dhageefachuu Fi Barachuu
1. Hojii Qonnaa jallisii
Shakallin hojii kun dubartoonnii fi dhiroonni hojii misooma jallisii keessatti hirmaannaa qabaan wal bira
qabuun ilaaluun hubannoo akka argataaniif ni gargara.

Akkataa armaan gadii kanatiin filipii chartii Qophessa:

Gosa hojii Dhiiraa Dubartti


Masaa Qophessuu

Biqiltuu Dhabuu

Aramuu

Midhaan sassabuu

Kuusu

Gabatti geessuu

Kan biroo

“Hojii misooma jallisii keessatti hojjetamuu hunda barreessu dandeesu?” Jedhi gaaffadhu.
 Hojiin dubartootan hojjetamu kami? Hojiicha irratti mallattoo kana ka’ii. √
 Hojiin dhiiraan hojjetamu kami? Hojiicha irratti mallattoo kana ka’ii. √
 Hojiin dhiiraa fi dubartootaan hojjetaman maal fa’ii? Hojichaa jala muri
 Hojii kamtuu hojechuuf yeroo dheera fudhata? Bukee hojiichatti mallattoo kana fayyadami.↑
 Hojiin baay’ee ulffaatu kamii? Bukee hojiichatti mallattoo kana fayyadami.X
 Hojjechuuf Hojiin baay’ee cimaa ta’e kamii? Bukee hojiichatti mallattoo kana fayyadami.*
 Eenyutuu irra caalaa hojii hojjeta? Dhiira moo dubartii? Bukee hojiichatti mallattoo kana
fayyadami. +
Tarreeffama fi marii kana keessa maal hubattan?
 Hirmmatooni deebiwwan armaan gadii fi kkf akka debisanifi gaaffadhu.
o Dhiraa fi dubartoonii hojii hedduu walfakata ni hojjatuu.
o Dubartoonii hojii yeroo dheera fudhatuu, ulfataa fi cimaa ni hojjatuu.
o Dubartoonii dhiraa caalaa ni hojjetuu.
2. Mirga fayyadamuu fi To’achu
Shakallinkun dubartoonniiwalitti dhufeenya isaan qabeenya waliin qabaan warra dhiirraawalin yero
madaalamu maal akka fakkaatu akka hubatanif ni gargara.
Fayyadamummaa jechuun:- dubartoonni dhiphina tokko malee/bilisaan qabenyaatti fayyadamu
jechudha. Fayyadamuun to’achu ykn fudhachu ta’u dhiisu ni danda’a.
Bulchuu jechuun:- dubartoonni murtoo isa dhuma qabeenya waliin wal qabataan irratti kennu
akkasumas, gurguru ni dabalata.
Yaada mari kana hubachuun dubartootatti yero fudhachu ni danda’a, garuu garaagarumma qabeenyatti
fayyadamu fi to’achuu giddu jiruu yoo hubatan hanqiina walqixumma fi haqumma kornayaa gidduu jiruu
hubachu ni danda’u.
Haala armaan gadii kanaan filipii chartii qophessa:

Qabeenya jallisiif barbachiisu


Itti Fayyadamu To’achu
Resources
Dhiiraa Dubartii Dhiira Dubartii
Lafa
Liqii
Odeffannoo Eksteenshiini argachuu
Meeshaa
Teekinoloojii jallisii
Humana Beeyladaa
Sanyii
Xaa’oo
Farra Aramaa/ ilbisootaa
Qonnaa jallisiif gosota meeshaalee (masa qophessuuf, facaasuuf, araamuuf, sassaabuuf fi kkf
barbaachisan), galteewwan adda addaa (Liqii, xaa’oo,lafa, sanyii), teeknoloojii (meeshaalee jallisii) maal
barbaddu?
 Eenyutuu wantoota kana gara maasiitti dhiyeessa/fiida?
 Dhiiroonnii dubartoota calaa galteewwaan bituu irratti ni hirmatu
 Dhiiroonnii dubartoota caalaa liqii ni argatu
 Dhiiroonnii dubartoota calaa meeshalee gurgudda ni sochosu.
 Eenyutuu itti fayyadamaa? Lamaanuu (dhiiraa fi dubartii ) qabeenya qonnaa maatiin isaan ni
fayyadamu ni kunuunsu.
 Eenyutuu itti gafatamummaa qaba? Dhiraa fi dubartiin itti gafatamuummaa fi waa’ee itti fayyadamuu
irratti murtoo ni kennu.
 Eenyutuu Murtoo keena? Dhiironnii dubartoota calaa murtoo kennuu irratti ni hirmatu.
 Itti fayyadamuu irratti eenyutuu murtoo kenna? Yeroo baayye akkamitti wantootatti akka
fayadamnuu murtesuuf dhiironni ni dursu.
 Eenyutuu gurgurata gaggessa yookiin qaama biraaf kenna? Dhiirrii dubartti calaa wantoota ni
gurgura yookiin qaama biraaf kenna. Dubartoonni darbee darbee carraa kana ni qabatu, kanaan ala
dursani hayyama abbaawarra isaani barbaadu. Abbaawarraan hadhawarraa isaa irraa hayyama
argachuu isa hin barbachisu.
Gaffiiwan kun qabeenya irratti eenyu akka fayyadamuu fi to’atu irratti dubartoonni hubannoo akka
argataan ni gargara.
 Dhiironnii qaabeenya isaa kamiitti fayyadamu? Qabeenya buketti mallattoo kana ka’aa. √
 Dubartoonnii qaabenya isaa kamiitti fayyadamu? Qabeenya buketti mallattoo kana ka’aa. √
 Lamaan isaani kan itti fayyadamaan yoo ta’ee eenyutuu irra calaa itti fayyadama? mallattoo ida’uu
dhiiraa yookiin dubartii bukkee ka’aa+
 Dhiiroonni Qabeenya isaa kam to’atu? qabeenya buketti mallattoo kana ka’aa√
 Dubartoonnii qabeenya isaa kam to’atu? qabeenya buketti mallattoo kana ka’aa√
 Lamaan isaanii kan to’atan yoo ta’ee eenyutu irraa calaa to’ata? mallattoo ida’uu dhiiraa yookiin
dubartii bukkee ka’aa+
Dubartoonnii essa akka jiraan of ilaaluu: dubartoonii qabeenyoota bayeetti fayadamuu garuu to’achu
irratti ga’een isaani bayyee xiqqoodha.

Marii fi tarrefama kana irra mal hubaan?


Dub Deebii Hanga Amma Kan Baranee Irratti
Goosa hojjiwanii , fayyadamuu fi to’achu qabenyaa irrratti shakallii tasiisnee boodaa dubartoota gaaffii
armaan gadii hubannoo filipii chartii iraa argatan irratti hunda’uun gaaffii gafadhu:
 Hojii salphisuu fi yeroo qusachuuf dubartootnista’ee dhiirrii maal godhuu danda’u?
 Qonna jallisii keessatti qodinsa qabeenyaa fi murtii fooyya’aa kennuu ilaalchiise dubartootni fi
dhiirrii maal godhuu danda’u?
 Qonna jallisii irraa irra bu’a argamu irrattimurtii fooyya’aakennuuf dubartootni fi dhiirrii maal
godhuu danda’u?

Xumuraa
Jallisii keessatti dhimmoota kornayyaa ijoo ta’aan walitti qabuun hirmatootaaf ibsu. Dubartooni
dhimmota kornayaa biros fiiduun akka mari’atan jajjabesi.
 Qodinsa hojii: Dubartoonni akka waliigalatti hojii biqiltuu dhabuu, bishaan obasuu, aramuu, midhaan
sassabuu, midhaan tuluu, midhaan masaa irra gara qe’etti gejjibu, sadarkesuu, fi kkf keessatti ni
hirmatu. Dubartoonni abbaawarra ta’aan hojii qonnaa hundumaa qotuu, madaba qophesuu, masaa
keessatti bo’oo bishaanii qophesuu fi hojiiwwan biroo gurgurta dabalatee hojii dhirootaan hojjetaman
hundda irratti itti gafatamumma ni qabu.
 Odeeffannoo argachuu: - akkaataa hojjetoota tajaajila ekstenshiniiti dhiironnii caarraa odeeffannoo
Eksteenshinii qonnaa bal’aa qabu.
 Murtii kennuu keessatti hirmaachu: Teeknoloojii jallisii keessatti murtii kennuun waan guddaadha.
Dubartootni abbaa warraa hojji irra olchuuf yoo dangeefaman male bilisaan wa’e teeknoloojii jallisii
kamiiyyu barachu fi filachu ni danda’u. Garuu dubartoonni abbaa warraa qaban ga’umsa murtii
kennuu dhabuu isaaniitin jireenya isaanii guyya guyya irra miidha gesiisa jira. Kuniis teeknoloojii jallisii
fayadamu kessatti dubartoonni abbaawarra jala jiraan gosa midhaan facaa’u filachu, tejaajila
ekstenshinii argachu, galteewan, liqii fi gabaa irratti murteesu hin daanda’an jeechudha.
 Teekinoloojiitti fayyadamuu: teekinoloojiwwaan jallisii xixiqqaa bayyee fayyadamuun waan salphaa
miti, yeeroo dheeraa kan fudhaatuu fi humna gudaa kan barbadudha. Teekinoloojii dubartootaa
waliin wal simuu danda’u balinaan hin baballane. Akka waliigalatti dubartoonni akkamiiti teekinoloojii
haaraatti fayyadamaanii fi to’achu akka dand’an irratti barumsa yoo argataan hojii kamillee
hojeechuuf ofitti amanamummaa ni qabatu.

Shakallii !
Dhimmaa korniyaa hojiirraa olchuu
Kaayyoo: Sabaabaa walcaalttiin kornayaa haala itti dhufuu irratti hirmattoonii hubannoo akka
argataan gochuu fi akkamitti fuuruu/hiiku akka danda’an gargaruu.
Akkaataa armaan gadii kanaan filipii chartii qopheessa:
Rakkoo kornayaa Sababa Dhimmicha hiikuuf Yaada
furmataa
Fakeenya: dubartoonni abbaa Tajaajila eksteenshinii kennitoonni Tajaajila eksteenshinii
warraa jala jiraan tajaajila abbawarraan hadha warraa isaanitti kennitoonni Abbaa warra
dursaani amansiisuun hadha
ekstenshinii hin argataan ni hima jedhaani ni amanu. Kanafuu
warraa isaani waliin tajaajila
hirmanaa dubartootaa abbaa warra ekstenshinii akka argataan
jala jiraan dangeesera. gochuu.

 Rakkon dhimma kornayaa qonnaa jallisii waliin wal qabatu maali?


 Sabaabbiin rakko dhimmi kornayaa kana maali?
 Akkamitti dubartootaaf dhimmicha haqa qabeessa tasiisuun danda’ama?
Furmaanni kun koree xiqaa WIBJ garee dubartootaa galma ifa ta’ee keewwachuu akka danda’anif
ni garara. kuutaa itti aanu keessatti galma ifa ta’ee keewwachuu qabna.

Har’aa Mal Barannee?

 Hojii qonna tareesu irra mal akka barataan dubartootaa gaaffii gafachuun xumura.
 Waa’ee qaabenya irratti fayadamuu fi to’achu irratti maal akka baratan gaaffadhu.
 Dubartoonni dhiraa fi dubartootaa giddutti haqummaan akka hin jiranee hubachu isaani irra
debiin mirkanessi.
 Karaa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaatiin rakko kana hiikuuf caarraa akka qaban yaadachisi.

MUJULA 3:KOREE XIQQAA WIBJ GAREE DUBARTOOTAA HUNDESSUU

Hirmattoota: Dubartootaa daangaa tajaajila WIBJ keessa lafa qonna jallisii qaban hundda.
Meeshaa barbachiisuu: Haala mijeesitootaaf filipii chartii fi markeerii, hirmatootaaf yadannoo fi
peennaa/Iskirbtoo.
Turtii: sa’aa 2
Hirmattoonni hubachuu kan qabaan
 Koree jechuun maal
 Bu’aa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa hundeessuu.
 Gaheen miseensota koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota
Hirmattoonni kana agarsiisuu ni danda’u:
 Dandeeti koree hundeesuu fi kadhimamttoota miseensa baka bu’ootaa filachuf isaan qaban.
Kallatti: waliga’iin dura sadarkalee hordofuu dhaan filipii chartii hunda qopheessu.

SEENSA
Dubartoonni daangaa tajaajila WIBJ keessa jirtan hudii baga nagaan dhuftan. Har’aa kan barannuu
barbachisummaa dubartoonni walin hojechuti.

TOKOO TOKKON KEENYA WAL HABARU


Mata dureehara’aa osoo hin jalqabiin dura tokko tokkoon Keenya wal baruun gariidha. Mee tabaa
kuufannoo yaadano tokko waiin haa tabannu.
a) Borsa wantotaa naannoo gosa 20 of keessatti qabate ni qabda.Innisi ufata, shashii, meshaa adda
addaa, dhagaa fi kkf.
b) Kaayoo taphichaa hirmatootatti hin himina. Waantoota borsaa keessa minjala irratti gadii yasii.
Hirmatoonni hundinu wantoota akka yadataanii itti himi. Wantoota tokko tokon maal akka ta’an
itti hima akka isaan ilalaniif carra kennaf borsa keeaastti debisii. Garuu bayyee sutaa hin jedhin.
c) Wantoota erga borsaa keessati debisteen booda namni fedhi qabu tokko qoofasa akka wantoota
yadatu akkasumas dubartooni gareedhaan wantoota akka yadatan taasisi. Kun wal dorgommiIf
akka hin tanee bu’aa yaalii nama dhunfaa fi yaalii garee madaluuf akka ta’ee ibsiif.
d) Naminni fedhii qabuu waliin waltti dhufuun kan ishiin tarresite bareesi. Itti ansuun miseensa
gareen kan tarressan bareessi. Gareen kan ibsani fi namnii dhuunfan fedhiin ibsu akka wal hin
dhagenyetti wal irraa fagachu qabu.
e) Nama dhunfaan tarresite gara gareetti debisi. Calqabaratti tarrefama ishii haa dubbistu. Kan ishiin
dubistee borsa keessa basi. Itti asuun tarrefama garee dubbisi. Hojii kana irratti karaa hundaanu
gareen, nama dhuunfaa irra caalaa ni hojjeta. Kanaaf ishiin kufeera jeete itti dhaga’amu hin qabu.
f) Bu’aa taphichaa irratti mari’adha, garagarummaa tarrefama laman gidduu jiruu ifa godha,
dhunfaan kan tarrefame moo gareen kan tarrefametu bayeedha. Hirmatoonni maliif tarrefamnii
garee baayye akka ta’e akka yaadaan jajjabessa.Kuun wa’e cimina garee maal isaaniti hima?
 Tarrefamaa lamaan wal madlchiisi (tarrefamnii nama dhunfaa fi garee hanga tokko kan
wal fakkataan yoo ta’ee kuun wan barame akka hin taane ibsun yero baayye gareen irra
caalaa yaddachuu akka danda’u ibsi.)
 Gareen nama dhunfaa caala haala gariin hojiicha xumuruu kan danda’e malif?Ciminni
garee maali? Dadhabbinii nama dhunffaa maali?

MATA DUREEN MALI?


Hara’aa barachuuf kan demnu waa’ee koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa fi miseensa isaatti.

OFITTI AMANAMUMMAAN KEE AKKAMI?


 Namoota biroo waaliin rakko malee tapha/hasawa jalqabu ni dandessa?
 Raawwii/bu’aa kee ni dhadataa ykn guddistee mulisu barbaada?
 Wanti barbaade yoo dhuufe, gati hunda dhaan waan kee rawachu ni feeta?
 Kaayyoo walfakataa irratti akka gareetti yeroo waliin hojjetaan namoota ni jajjabessita?
 Yeroo namni tokko siin mormu, deebite ittiin mormu fi dubbii irratti barbaada?
Ofitti amanamummaan kee akkami yoo siin jedhaan debiin kee mali?

DHAGEEFACHUU FI BARACHUU
1. Hiika koree

Koree jechuun maal jechuu akka ta’ee hirmatoota gaaffadhu, hirmatoonni lama lamaan irrati mara’atani
yaada isaanii gareef akka ibsaan godha.
Hiikni koree akka armaan gadiiti:

Koree jechuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu tokko xinxaluun,qorachuun murtoo kan kennaanif
gabaasa hojii murta’aa ta’e kaan kennan namoota; Ejensiin, Abbaa Taayitaa yookiin yaa’ii waliigalatiin kan
filatamanidha.
WIBJ keessatti,miseensi dhiiraa fi dubartiin hundii yaa’ii waliigalaa ta’u qaama olaan waldichaa yaa’ii
waligalati. Yaa’iin waliigala miseensota koree (dhiiraa fi dubarti) hojii rawwachistuu, koree to’annoo,
koree waldhabinsa hiiku; filuu fi busuuf angoo kan qabudha.Koreen hundi gahe mataasati qaba.

2. Koree ta’uu kan danad’uu enyu?


Miseensa Koree ta’ani filatamuu kan danda’aan enyu akka ta’ee hirmatoota gaaffadhu.Dubartoonni
koree ta’uu danda’uu jedhanii yaadu isaani gaaffadhu?

WIBJ keessatti koreen adda addaa akka jiru itti himi (koree hojii rawwachistuu, koree to’annoo, koree
waldhabiinsa hiikuu fi kkf). WIBJ akkaataa modela dmbii ittiin bulmaata WIBtiin koreewwan xiqqaa ijaaru
ni danda’a (koree xiqqaa garee dubartoota, Koree xiqqaa Egumsa biyyoo fi bishaanii fi koree xiqqaa qophii
karoora qonnaa jallisii kkf)

Dhiiraa yookiin dubartiin miseensa waldaa ta’aan mirga filachuu fi filatamu ni qabatu. Namnni harkaa
calmaadhan filatame dhiiraa yookiin dubartiin miseensa koree ta’uu danda’u. Koree hundaa keessatti %30
dubartootaa ta’uu qabu.

3. Koree xiqqaa garee dubartoota mallif hundesina?

Sabaabaa koreen xiqqaa garee dubartootaa isaan barbachiiseef akka irratti mari’aataniif hirmatoota
gaaffii gaaffadhu.Yaada isaan filipii chartii irratti barresi.

Haalli Adeemsa koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota akka armaan gadii tiin ta’a:
Yeroo walga’iin yaa’ii waliigalaa WIBJ jalqaba gaggefamuu Miseensi yaa’ii waliigalaa dhiiraa fi dubarti
keessa koreen xiqqaan garee dubartootaa akka hunda’uu murtesuu qaba.Koree xiqqaan garee
dubartootaa hunda’an kunisi:
Yeroo murteewan Koreen hojii raawwachistuu, hojiiwwan operreshinii fi suphaa jallisii xiqqaa, hojiiwan
bulchiinsa qonna jalisi, hojiiwwan eksateenshiinii fi hojiiwwan eegumssaa biyyoo fi bishaanii irratti fedhii
fi filannoo dubartoota qonnan bulaa ta’aan akka mirkana’uu gochuuf.

Koreen garee xiqqaa WIBJ garee dubartoota;WIBJ keessatti dubartoonni akka angeefamaanii figara
gaggessummatti akka dhufanif ni hojjeta, dubartoonni hundii tajaajila opereshinii fi suphaa, itti fayyadama
bishaanii irratti tajaajila haqa qabessa ta’e akka argataan ni mirkanesa.Koreen xiqqaan WIBJ garee
dubartootawalga’iin yaa’ii waligalaa osoo hin ademsiifamiin dursanii walga’uun ajandaa yaa’ii waligalaa
irratti isaaniif dhiyachuu qabu irratti mar’achuun koree hojii raawwachiiftuu dhiyesuun ajandaan akka
isaan qabamu gochu qabu.

4. Gahee koree xiqqaa WIBJ Garee dubartoota

WIBJ hundeeffama koree xiqqaa WIBJ Garee Dubartoota akka hunda’aanif ciminaan jajjabeessu qaba.
Koreen kuun dubartootaa miseensa ta’ani fi dubartootaa abbaa warraa miseensa ta’e qaban irraa
hundeefamaa.
• Bulchiinsa WIBJ yookiin opereshinii fi suphaa bu’uralee misooma jallisii fi qoorsa lafaa daangaa
tajaajila WIBJ waliin walqabatuu keessatti rakkoo kornayaa adda basuu fi yaada furmataa ka’uuf
yeroo walga’ii yaa’ii waliigala yookiin walga’ii koree hojii raawachistuu irratti akka mar’iatamu
gochuu.
• Dobartoonni akka miseensa WIBJ tti mirgaa fi dirqama qaban irrtii barumsa kennu.
 Dubartoota miseensa ta’an walga’ii yaa’ii waliigalaa irratti akka hirmataan fi filannoof akka
dorgomanif jajjabesuu.
 Waldhabinsa itti fayyadama bishaan jallisii fi rakko kanfalti waliin wal qabatuu irratti falimii ka’uu
irratti dubartootaa miseensa ta’an deegaru.

Miseensi koree xiqqaa garee dubartootaa, dubartootaa miseensa WIBJ ta’anii fi dubartootaa abbaa
warraa jala jiraaniif leenjiiwwan dandeetti isaani cimsu karoorsuu fi raawwachu qabu.
DUB DEEBII HANGA AMMA KAN BARANEE IRRATTI
Odeeffannoo waa’ee koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa eddaa ibsitaanii booda hirmatoota gaaffii kana
gafadhu, WIBJ keessatti koreen xiqqaa garee dubartootaa ni barbachiisa? Deebiin isaani eyye yoo ta’ee
maaliif? Deebiin isaani lakki yoo ta’ee maaliif?

Marii kornayaa fi jallisii irratti gageesine bu’uurefachuun, sabaabbiin koree xiqqaa WIBJ garee
dubartootaa ijaaruun itti barbaachiise maali?
Hirmaatoota gaaffii gaaffadhuutii deebiiwwan armaan gadii fi kana waliin kan wal fakkatan akka kennan
godhi:
 Wa’ee dhimma fi rakko keenyaa dubbachuuf.
 Bu’aa iskimii irraa argachaa jiraachuu keenya mirkaneesuuf.
 Qabeenya dabalataa argachuuf, innis liqii, lafa, Iskimiitti fayyadamuu.
 Bakka bu’umma dubartootaa sadarkalee bulchiinsa jallisii qinda’aa keessatti mirkanessu (PIDM).
 Dubartoonni hundii (dubartootaa abbaa warra jala jiraanii fi dubartootaa abbaa warra ta’aan)
akkaataa labsii fi seera ittin bulmaata waldichaatiin iskimii irraa caarraa fayyadamuu argachuuf.
 Caarraa leenjii fi hojii argisisa misooma jallisii irratti hirmaachu arggachuuf.
Dubartoonni walitti yoo dhuufaanii fi yoo gurma’aan;tarsiimoo rakko ittin hiikaan, qabeenyaatti
fayyadamaanii fi bulchaan, ulfatiina hojii salphisaan fi bu’aa argamuu guddisuun ni ciimsatu. Kanaaf
koreen xiqqaan WIBJ garee dubartootaa barbachiisadha.

XUMURAA

Har’a waan waliin jirruf akka qaama WIBJ tokkotti koree xiqqaan garee dubartootaa nu barbachisaa fi hin
barbaachiisuu murtesuu dandenya?
Dubartooni eyyee yookiin lakkii jechuun akka sagale laatan godhi. Harkaan akka agarsiisaan gafadhuu.
Harkaa eyyee jedhee fi Lakkii jeedhee laka’atii ibsi.

SHAKALLII
Hirmaatooni koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa nu barbaachiisa jedhaniiru janne haa yaannu.
Hirmaatootatti akkamiitti koree akka hundessanii fi eenyutu koree ta’uu akka danda’uu itti himi.
 Koree xiqqaan WIBJ garee dubartootaa kan hammatuu dubartootaa koree gurgudoo sadan
keessati filatamaan keessa ta’a. Fakeenyaaf Iskiimii tokko irratti koree xiqqaan WIBJ garee
dubartootaa, koree hojii rawwachistuu keessaa nama 3 koree to’annoo keessa nama 1 koree
waldhabinsa hiiku keessa nama 1 filachudha. (akka carraa ta’ee koree hojiiraawwachiistuu keessa
dubartoonni kan hin jiree yoo ta’ee dura ta’aan koree xiqaa garee dubartootaa sagalee malee
waliga’ii koree hojii raawwachistuu irratti ni hirmata. kun kan umaamu dubartoonni ga’aa ta’ee
koreewaan gurguddaa keessatti kan hin jiree yoo ta’eedha.)
 Dubartoonni biroo koreetti filatamuu kan danda’aan miseensootaaf bu’aa busuu danda’aan irratti
hunda’udhan kunisi, fedhii qabduu, gaggessa garee dubartootaa kan taatee fi Qonnaan bultuu
fakeenya taatee fi kkf yoo taate.
 Miseensi koree kan filataamuu dubartootaa akkaataa iskimii keessa jiratan gara olii, gidduu
galeessaa fi gara gadii irraatti hunda’ee ta’a.
Dubartooni fedhi isaanii irratti hunda’uu dhaan nama dhimmi isaanif bakka bu’uuf danda’u koree xiqqaa
WIBJ garee dubartoota isaani kessatti filachuuf akka murteesan itti himi.

Koree xiqaa WIBJ garee dubartoota kan ta’an amala akkamii qabachuu qabu?

Hirmaatoota gaaffii gaffadhuun deebiiwwan armaan gadii fi kana waliin kan wal fakkatan akka kennan
godhi:
 Dubartti ummata keesaatti bekumtti fi maqaa garii qabdu.
 Dubartti miseensa garee dubartootaa taate.
 Dubartti bekamtu, kabajamtuu fi amanamumaaqabdu.
 Dubartiidhimma keenya nuuf dubbachuu dandeessu.
 Dubartiin hojii qonnaatiin bu’aa qabeessa taateijollee ishii haala gaariin gudiftu.

Egaa Miseensa koree xiqqa WIBJ garee dubartootaa filachuuf kadhiimamtoota erruun miseensa nama
shan (5) filachu.Dubartoonni filatamaan akkaataa ulagaa ta’een filatamuu isaani mirkanefachu.
Dubartootaa filataaniif haala fedha isaani irratti hunda’auun wantoota armaan gadiin hamlee kennuun
jajabeesuu.
 Maqaa koree ibsuu
 Dhadannoo
 Sirbbaan
 Mallattoo yookiin fajjii
 Uffata seera
 Farffachuudhan
 Dibbee rukuchuun,shubbisuu fi kkf.

Dubartoota murtoo kana murttesuu isaanitif baga gammaddan jedhin.Murttoon kan irra isaanii fi maatin
isaani fayyadamoo akka ta’aanii fi Lafa jallisii irraa bu’aa qabeessa aka ta’an itti himi.Koree xiqqaaWIBJ
garee dubartootaa isaani sirbuun akka jajjabessan godhi.

HARA’A MAAL BARANNEE?


Koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa qabachuun maaliif akka barbachiise dubartootaa gaaffii gafachuun
kuutaa kana xumuri.

Miseensonni filatamaan dubartoota iskiimii kessa jiran hunda bakka bu’un akka itti fufaan ibsi.
Dubartoonni kamiiyu wa’ee iskiimii fi iskiimii bulchuu fi suphuu irratti gaaffii kan qaban yoo ta’ee miseensa
koreewwan WIBJ kamiiyu dabalata dubartootaa miseensa koree ta’anii ykn dubartootaa naannoo isaani
jiraataan gaafachu ni danda’u.
MUJULA 4:WIXINEE QAJEELFAMA RAAWWII KOREE XIQQAA GAREE
DUBARTOOTAA

Hirmaattoota: Miseensa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa qofa.


Meeshaa barbachiisuu: Haala mijesiitootaaf filiphii chartii fi Markeer, hirmattootaaf yaadannoo fi
peennaa/ Iskirbtoo.
Turtii yeroo: Walakkaa guyyaa
Hirmatoonni hubachuu kan qaban
 Qajeelfamnni hojii maal?
 Dhimoota gurguddoo qajeelfama koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa.
Hirmatoonni kana agarsiisuu ni danda’u:
 Qajeelfama koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa ittiin gageeffamuu qophesuu danda’uu qabu.
Kallatti:Walga’iin dura sadarkaalee egudhaan filipii chartii qophesuu qabu.

SEENSA

Miseensi koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa walga’ii koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa isa
calqaabttiif baga nagana dhuftan. Har’a kan barannuu waa’ee qaajeelfama koree xiqqaa WIBJ garee
dubartootaa ittin hojii isaa raawwatuu baranna.

TOKOO TOKKON KEENYA WALABARU


Walga’iin koreef hojii isaa gudda akka ta’ee hubachiisi.Walga’iin miseensota garee giddutti tokummaa fi
humana ciimsaa. Walga’iin bayee barbaachisadha sababbin isaas miseensonni koree:
o Fedhii isaanii kan ittiin ibsatan.
o Murtoo kennu keessatti kan itiin hiramaatan.
o Gaaffii fi yaada miseensoota irratti dub-deebii atattamaa kan itiin kennan.

Galma ga’iinsaa Koreetiif koreen waliiga’ii bu’aa qabessa ta’ee qabachuu qaba.
Mee kolfaa waa’ee walga’ii bu’aa qabessa ta’ee barachuu fi miseensi koree xiqqaa WIBJ garee
dubartootaa hundii dirama “waliga’ii koree wamuu” jedhu agarsisuu.
Diramichii agarsiisuu kan qabuu:
 Dura teesun koree walga’ii ajandaa hin qabne gageessa.
 Dura teesun waan hojjetu hin beeknne fakkatti.
 Qaboon yaa’ii walga’ii yeroo darbees hin qabamne.
 Walga’ii koree amma gageessa jiraniis namni qabo yaa’ii qabuu hin jirru.
 Miseensi murasiin naamusa hin taane agarsiisu.

Taphichii bayee kan nama kofalchiisuudha sabaabbin isaa warri angoo qabaniis ta’ee miseensonni koree
qindomina kan hin qabnee fi kan ga’e isaani hinbeknedha.

Taphinnii dirama akkuma xumurameen gaaffii armaan gadii gafadhu:


 Walga’iichaa irraa mal hubattan?
 Wlga’ii keessatti dhimmi akkana si qunnamee beektaa, keessatti hirmaatee beekta?
 Adeemsaa waliga’ii kana fooyyesuuf maal godhamuu qaba?

MATA DUREEN MAAL?


Har’aa barachuuf kan deemnu waa’ee qaajeelfamaa fi adeemssa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaati.
Fakkenya Walga’ii koree qindoomina hin qabne argitaan ta’u. Koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa bu’aa
qabessa gochuuf kaayyoo fi galma ifa ta’e qabaachu qabnaa. Koreen xiqqaan WIBJ garee dubartootaa
qaajeelfama itiin gageefamuu qabachuu qaba.

OFIITTI AMANAMUMMAAN KEE AKKAMI?

 Namooni bira garee kessa jiran yaada koo walin wali hin galaan jatte yoo yaadde yaada kee ibsu
hin dhiista moo ni ibsiita?
 Namoota biraa fedhii/gaaffii amansiisa hin taane ni gaaffataa?
 Dura tesuun koree keessanni walga’ii arifachiisaaf si waamteetti. Atis waantichi arifachisa akka
ta’e hubatte gara walga’ichaa daftee dhufte.Hata’uu malee Dura tesuun hin dhufin hafte, maalif
akka haftee sitti himuf yookiin dhifama sii gafachuf nama tokollee siitti hin ergiin yoo haaftee:
a. Calliste dhiisun, waltajji itti anutti argamu dhiisu.
b. Miseenasuma Koree nan dhiiisaa.
c. Maalttu akka ishee mudate haftee baruf nan yaala.

Deebiiwwan ati deebiste wa’e ofitti amanamumma kee maal mul’isa?

DHAGEEFACHUU FI BARACHUU
Galma ga’iinsii inni dhumaa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa fedhii dubartoota miseensa WIBJ
mirkaneessuu fi sagaleen isaani akka dhaga’amuu gochuudha.
1. WIBJ Dhimmota kornayaa deebsuu fi walqodinsa kornayaa deebisu qaba.
WIBJ dhimmota garagarummaan kornayaa akka dabaluu godhan hambisuu qaba.Dhimmota armaan
gadii sabaaboota qoodinsa dubartootaa geesisaan sadarakaa sadarkaan raawatamaan dhabamsiisu
qabuu.
 Hanga bishaan barbadaan daangesuu yookiin yeroo dubartootaf mija’uutti sagantessanii bishaan
dhiyesuu dhisuu, gosa oomisha oomishaan irratti hunda’uun sagantan kennu dhisu.
 Seerota iskiimiin ittin gageeffamu keessatti dubartoonni qonnaa jallisiitti akka hin fayyadamnne fi
miseensa akka hin taane kan godhan kan akka barnnotaa, Amanttaa, Adaa kkf dangeessu.
 Caarraa itti fayadamumma tooftaa dinagdee dhiiraa fi dubartooni ittin argatan osoo hin mijeesin,
miseensuma waaliin ulaagalee wal qabatan ka’u, fkn kaffalti galteewwani, humna nama supha
iskiimiidhaf, kkf.
 Bulchiinsa iskimii keessatti hirmaannaa dubartootaa ho’a akkata’u deegaru dhabu, yeroon
walga’ii yookiin bakka/iddoo walga’ii dubartootaf mija’aa hin taneeti qopheesu, dubartooni
gageesumma kessatti akka hin hirmanneef ulaagalee isaan hin gunne ka’u.
Dubartootaa gaaffii kana gafadhu, namni isiin beektaan kan wal qodinsa kornayaa gageesu jira? Miidhaan
inni fiiduu maal jeettee yaada? Waa’ee dhimma kana maal godhamu qabaa?

2. Walqodinsaa yookiin walcaltti kornayaatti akkamitti deebii kennuu dandeenya?

Fedhii, filannoo fi qabeenya dhiiraa fi dubartootaa jallisii waliin walqbatan adda basun barbaachisadha.
WIBJ garagarumma hambbisuuf kan gargaaru hojimaata Kornayaa giddugalessa godhate dirirsu.
Dhimmoota kornayaa hojii WIBJ waliin wal qabate qajeeltoowwan labsii keesstti ibsamaan eguudhan
hojiirra olchuu.Mirgaa fi dirqama ilalchisee dhiiraa fi dubartii giddutti garagaarumman tokko akka hin
umamne gochu.
Dhimmooni sadaan barbachiisoon wal qooddi Kornayaa hambiisaan:
• Qabeenya iskimii dhiiraa fi dubartoonni walqixa yoo fayyadamaan
• Bulchiinsa WIBJ fi Iskiimii irratti dhiiraa fi dubartoonni kan hirmataan yoo ta’ee
• Bu’aa iskimiin kennu irra dhiiraa fi dubartiin walqixa kan fayyadamaan yoo ta’ee.
Fedhii fi filannoon dubartootaa galma akka ga’uu fi qaabenyatti fayyadamu Karaa dandeesiisuu uudhaaf
akkasumas jallisiitti fayyadamuu fi bulchuu irraatti hirmaachuf diiraa fi dubartiin caarraa waliqixaa ta’ee
argachuu isaanii mirkanessuf caasaan kana deegaru jiraachu qaba.
Caasaan nuti hundeesine kunis koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaadha. Amma qajeelfama hojii koreen
hojii ittin raawwatuu qophesuu qabna. Qaajeelfamnni hojii kuniis kan ibsuu adeemsaa hojiin waldura
dubaan itti raawwatamu fi miseensonni koree yeroo hojii isaanii raawataan kan hordofaan ta’a.

3. Qabiyyee Qajeelfama hojii koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa,miseensota koree xiqqa
garee dubartoota waliin xinxaluu.

Qajeelfama hojii koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa:

Galma: Dubartoonni Iskimii jallisii irraa bu’aa akka argatan mirkanessu.

Kaayyoo:
 Fedhii fi dhimoonni dubartootaa Koree guddaa WIBJ birratti xiyyeffanno argachuu isaa
mirkanefachuf.
 Dhimma isaani bakka bu’uu akka danda’anii fi sadarkaa ofitti amanamummaa dubartootaa gudisuu.
 Koree gurguddaa WIBJ waliin humna waliigalu dubartootaa foyyeessuuf
 Walitti dhufenya dubartoota guddisuun Sagalee dubartoota jajjabesuuf.
 Dubartoonni WIBJ keessatti mirga isaaniif dhabachuuf shaakalu akka danda’aan taasisuf.

Miseensumma:
• Dubartootaa hundda kan bakka bu’aan koree WIBJ gudda keessa,miseensa lama koree xiqqa
garee dubartootaa gageessan filachuu.

• Dubartooni gageesitoota ta’aan Koreewwan jiraan keessatti xiqqa yoo ta’aan dubartootaa
ulagaa guutan miseensa dabalata WIBJ hunda keessa filachuu ni danda’u..
Dura teesu

 Dandeetti

o Namoota biratti fudhatamtu ( kabajamtu)

o Ofiitti amanamumma kan qabdu

o Dubbachuu fi dhageefachuu kan dandeesu

o Fedhii fi kaka’umsa kan qabdu

o Qajeelfama WIBJ sirrtti kan beektu

Barressitu

 Dandeetti

o Kanen armaan olitti ibsamaan akkuma jirutti ta’ee

o Dandetti barresuu fi dubbisuu kan qabdu.

Yeroo walga’ii:

• Walga’ii koree hojii raachiistuu / yaa’ii waliigalaa dura gageefamu qaba

• Waggatti yeroo afur.

• Barbaachiisa Yeroo ta’eetti waamuu ni danda’a.

Gahee fi Itti gafatamummaa

 Walga’ii Qopheessuu:
 Walga’iin kamiiyuu osoo hin gageefamiin dura bakka bu’ootni dubartootaa miseensota waldaa
naannoo ishii wamuun waliin marii gageesun (gubbaa,gidduu, gara gadii) yaada, gaffii,
rakkoo,komee jiraan walga’ii koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa irrati qindeesuun dhiyeesuu.
o Akka fakenyaatti dhimmoonni hammatamuu danda’an:
• Dhimmoota dubartoota ilaalatuu Koree hojii raawwachiistuu yookiin koree
kamiiyuu keessatti

• Ijarsoota hawwasini itti fayyadamaan ( adda bafachuu, dizayinii,Ijaars,fayadamu,


suphuu )

• Tajaajila Eksteenshinii (itti fayadamu, iddo fi yeroo tajaajila)

• Teekinoloojii jallisii (arggamaa, mijaa’uma )

• Karoora Qonnaa jallisii ( filannoo midhaanii )

• Hojii keesatti dubartootaa bakka bu’uu

• Opereshinii fi suphaa

 Hojii egumssa biyyoo fi bishaanii


 Walga’ii koree gurgudda keessatti,koreen xiqqa garee dubartootaa dhimmota dubartootaa
illallataan bakka bu’uu miseensa (hojii kana raawwachuuf ga’umsaa /beekumsa ummata waliin
waliigaluu, walitti bu’iinsa hiikuu qabaachu qabu).
 Dubartootaa miseensa WIBJ bakka bu’uun murtoo ni kennuu.

 Galmewwani fi yaadano ni qabatu.

 Koroora Qonna jallisii keessatti dubartooni akka hirmaatanif ni kakasuu.

 Karoora wagga qopheesuun galchuu.

 Miseensi Koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota a koree gurgudda waliin walqunnamuun iskimii
keessatti fedhii dubartootaa akka mirkana’u gochuuf itti gafatamummaa qabaan ni bahaau.

 Dubartoota miseensa WIBJ ta’aan walga’ii yaa’ii waliigala irratti akka dubbataan jajjabeessu.

 Koreen xiqqaa WIBJ garee dubartootaa sagantalee biroo waliin walqunnamsiisuun dubartonni
tajaajila dabalata akka argataan ni tasisa .

DUB DEEBII HANGA AMMA KAN BARANEE IRRATTI

Qaabiyyee qajeelfama koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota edda ibsiiteefi booda dubartootaa gaaffii
armaan gadii kana gaffadhu.
 Kaayyoo koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa irratti wali ni galta?
 WIBJ kessatti koree xiqqaa garee dubartoota dhabuun garagarumma maal fiida jettee yaadda?
 Gahee fi itti gafatamummaa koree xiqqaa garee dubartootaatti wali ni galta?
 Hojii fi itti gafatamuummaa isaani raawwachu kessatti rakkoon dubartootaa mudatu maali jettee
yaada?
 Koree xiqqaa garee dubartoota gahee fi itti gafatamuummaa isaan guutumma guutuun akka
bahaan gargaaruf maal godhamu qaba jettee yaada?

XUMUURAA
Koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa miseensa cimaa akka ta’aaniif cimsuun barbaachiisadha.Koreen
kuun yoo gurmaa’aan, walga’ii idilee yoo qabaataan, qaajeelfama ifa ta’ee yoo qaabataan galma ga’uu
danda’uu.

SHAKALLII!
Qajeelfamnni hojii koreen qopha’ee haala naannoo irratti hunda’ee hojiirra oola. Kanaaf tokko
tokkoon koree qajeelfama hojii mata isaanii qopheefachuu barbaachisa.

Qaajeelfamnii kun kaayyoo, galma, mul’aataa fi erggama koree ni qabata.Mul’ata waliigala qophesuun
miseensi koree hojii isaanii raawwachuu akka danda’aniif angeesuu fi jaajjabesuuf gargaara.Kuutaa kana
keessatti hirmattoonni mul’ata koree ni qopheessuu.Mul’ani tooftaa gara fuula dura agarsiisuudha.

Mul’ata jechuun maal jeechuu akka ta’ee hubannoo isaanii miseensosta koree gaaffadhu. Akka gageesitu
koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota tokkotti mul’ata mata isaani beekun barbaachiisa akka ta’ee itti himi.
Kuunis maal hojjechu akka barbaadaan warreen birros akka hubatan isaan taasisa.

Unka salphaa ta’e kanatti fayyadamuun qaajeelfama hojii koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa qopheesi.
Edda qophesitee booda kanneen armaan gadii waliin madaali.

Qaajeelfama hojii koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota.


1. Maqaa fi Iddoo
2. Daangaa tajaajilaa
3. Mul’ata
4. Ergamaa
5. Kaayyoo
6. Miseensii essaa irraa akka walitti dhufaan
7. Walga’ii
8. Hojii
9. Filanno
10. Gahee fi itti gafatamummaa dura tessu
11. Gahee fi itti gafatamummaa Barressitu

Qaajeelfama hojii Kan mata keessani edda qophesiitani bodaa fakkeenya armaan gadii waliin
madala.

QAAJEELFAMA HOJII KOREE XIQQAA WIBJ GAREE DUBARTOOTAA ISKIMII JALLISII XIQAA
____________________

Seensa

WIBJn koree xiqqaa garee dubartoota miseensa dubartoota ta’anii fi dubartoota abbaa waraa jala jiraan
irraa akka hunda’aan jajjabeesu qaba. Koree xiqqan kun miseensa 5 kan qabu ta’ee namnni sadii koree
gurgudda sadan keesa miseensi lama haraa dubartoota keessa kan filataman ni qabata.

Maqaa fi Bakka koree xiqqaan itti arggamu

Maqaa koree xiqaa_____________, bakka itti argamu__________ Iskimii _____________ Ganda,


__________ Aanaa, _____________ Naannoo________________.

Daangaa tajaajila koree xiqqaa

Dangaan tajaajilaa koree xiqqaa kan inni qabatuu balina lafaa _________Iskiimii jallisii xiqaan
misoomu ta’a.
Mul’ata: Bishaan jallisii tti karaa ga’umsaa fi bu’aa qabeessa ta’een fayyadamuun oomishaa fi
omishtummaa dubartoota guddisu.

Erggama: Sagaleen dubartoota koree WIBJ keessatti gakka dhaga’amu gochuun itti fufinsa iskiimii
mirkanesuu, caarraa tekinoloojii jallisii haraatti fayyadamaan uumuun , gorsa tajaajila eksteenshinii
kennuun, midhaan gatii ol anaa qabanii fi nyata madalawwa of keessa qabaan oomishuun maatiin
isaanii nyata madalawaa akka argatanii fi galiin isaani akka gudatuu gochuu.

Kaayyoo koree xiqqaa WIBJ Garee dubartoota

• Dubartoota itti fayyadamtoota jallisii ta’aan jallisii xiqqaa irraa akka fayyadamaan fi abummaa
akka qabataan taasisu.

• Dubartoota itti fayadamtoota jallisii ta’aan WIBJ keessatti fedhii fi filannoon isaanii akka galma
ga’uu gochuu.

• Dubartoota itti fayadamtoota jallisii ta’aan dandetti murtoo kennnu isaani cimsu.

Koreen xiqqaan kan hammatuu/of keessatti qabatu.

• Koreen xiqqan miseensa 5 kan qabuu dubartoota miseensa WIBJ fi dubartoota abba warra
qabaan keessa kan filatamaan ni qabaata.

Ulaagaa koree xiqqaa :

 Koree gurgudda WIBJ sadan keessa yoo xiqqate nama tokko


 Yoo xiqqate Miseensi harkii sodomni (30% ) tajaajila WIBJ gara gadii jiraan irra ta’uu qaba.
 Miseensa koree xiqqaa tatee filatamu kan dandessu:
 Eejennoo garii kan qabdu,
 Dhabbiidhan jiraataa gandicha kan taate ,
 Umuriin ishe waggaa 18 fi isaa ol kan ta’tee ta’uu qabdi.
 Miseensoota filatamaan keessa dura teesu fi barressitu filachuu qabu.
• Barri tajaajila koree xiqqa wagga lama ta’a. Miseensi koree xiqqa tokko walitti ansee yeroo
lamaf filatamu danda’a.

Walga’ii koree xiqqaa


• Koree xiqqaa wagga keessatti yoo xiqqate yeroo 4 walga’uu qabu. Waliga’iichi kan wamaamuu
Dura teesun ta’e durse osoo waliga’iin koree hojii rawwachistuu hin gageefamiin waamamuu
qaba
• Miseensi caalmaan yoo itti amanee walga’iin yeroo barbachiisetti wamuu ni danda’uu
• Murtoon koree xiqaa kan fudhatamuu hunddi irratti yoo waligalee ta’a. Kan irrtti wali hin galle
yoo ta’e murtoo harkka caalmaatuu fudhatama.
• Qaboon yaa’ii walga’ii koree xiqqaa yeroo hunda barresitun qabu qabdi.

Hojii koree xiqqaa:

• Fedhii fi filanno dubartoota jallisiiti fayyadamaan adda basuu fi hojiirra olchuu.

• Dandetiin dubartoota bulchiinsaa fi abbummaa iskimii irratti akka cimu haala mijeessu

• Hirmmannan dubartoota koree WIBJ hunda keessatti akka dabalu taasisu.

• Dubartoota itti fayyadamtoota jallisii ta’aan fedhii fi filannoo isaanii walga’ii WIBJ irratti akka
ibsaatan ni jajjabessa.

• Bulchiinsa itti fayyadama bishaan jallisii irrtii hirmannaa dubartootaa mirkanessu.

• Daangaa tajaajila WIBJ keessatti operashinii fi Suphaa bu’urale misooma jallisii fi qoorsa lafaa
irratii koomi dubartooni qaba qorachuu.

• Operashinii fi suphaa bu’uralee misooma jallisii fi qoorsa lafa irratti dhimmota dubartootaa
waliin wal qabatu akka raawatan taasisu.

Gahee fi Itti gafatamummaa dura teesu koree xiqqaa:

• Walga’ii koree xiqqaa ni wamti ni gageessiti

• Dubartoota misenssa ta’an bakka ni buuti.

• Bulchiinsa WIBJ fi operashinii fi suphaa irratti komeewan dubartoota dhagefachuu fi


barbaachisa yoo ta’e koree hojii rawwachiistuu fi yaa’ii walgalaa beeksiisuu.

• Hojiiwwan biroo dambii ittin bulaata keessatti ta’aan raawachu.


Gahee fi Itti gafatamummaa barressitu koree xiqqaa:

• Galmee koree xiqqaa hunda qabuu.

• Qaboo yaa’ii walga’ii koree xiqqaa qabu

• Xalayoota fi yadanowan barbaachisa koree hojii raawwachistuf erguu fi fudhu.

• Himata dubartooota miseensa ta’ani irra dhihatu fudhu.

Guyya itti qajeelfamni hojii koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa hoji irra olu

Qajeelfamni hojii koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa kun guyya gaafa __________ bara __________
eerga misensootan regasifamen boda hojiira ola.

Samudaa qaajelfama qopha’ee kan ofii qopheesitaan waliin wal dorgomsiisa, gaaffii armaan gadii
gaffadha.
 Fakkenyonni armaan ol kun qajeeltoo hojii keessaniin waliin garagarummaa ni qaba?
 Qajeeltoo hojii qopheesitaan keessatti wantoonni jijjiruu yookiin waanttonni dabaluu barbaddu
jira?
Wixinee qajeelfama koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota isa jalqaba xumuruuf keessa deebii barbaachisa
ta’ee raawwadhu.

HARA’A MAAL BARANNEE?

Qajeelfama hojii qopheesuu isaanitin dubartootaan baga gammaddan jeechuun segenta har’a xumuri.Kun
miseensa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa ta’u kesanifi tarkaanfi seera qabeesa isa jaqaba akka ta’ee
itti himi. Mariin itti aanu gageesumma akka ta’e hirmatootatti himi.
MUJULA 5: LEENJII GAGGESSUMMAA

Hirmatoota: Miseensota koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa.


Meeshaalee barbachiisaan: Haala mijeesitootaaf filiipii chartii fi markeerii hirmaatootaaf yaadannoo fi
peenna/iskriptoo.
Yeroo:sa’aa 2
Hirmatoonni hubachuu kan qabaan.
 Qulqullinaa gaggeessummaa gaarii
 Rakkoo hirmaanna dubartoota gaggeessa WIBJ keessatti.
 WIBJ keessatti dubartoonnii sadarkaa gageessatti haala itti dhufaan irratti akkamiti akka gargaran
Hirmatoonni kana agarsiisuu ni danda’u:
 Dandeeti miseensa koree adda addaa qulqullina gaggeesummaa qabanin filachuu.
 Haasaha gababa akkamitti akka godhan.
Kallatti:Waliga’iin osoo hin eegallin dura sadarkalee eguun filipiichartii qophesu.

SEENSA

Koreen Xiqqaan WIBJ garee dubartootaa baga nagaan dhuftaan. Har’a akka gageessaatti off ilaalu
akkasumas waldaa itti fayyadamtoota bishaan jallisii keessatti dhimmaa kornayaa irratti ejjano qabaachu
baranna.

TOKOO TOKKON KEENYA WAL HABARU


Gara mataduree har’aatti osoo hin darbbiin dura walbaruun barbaachisadha. Ati gageessadha?Tarii
namoonni muraasinni gageessa akka ta’eetti hin yanne ta’a, yookiin gageesummaa keetti naamoonnii
abdii si kutachiisu danda’u. Mee, “Akkamiitti ani jireenya koo keessatti gageessa ta’a” kan jedhu tapha
tokko haa taphadhu.

Mee dubartootaa tokko yookiin lama waa’ee seena dubarti gaggeesitu isaan dinqisifataan akka walii
dabarsaan godhi. Geggeesumman isaani bakka wajjiratti, yookiin jireenya guyya guyyaa mata isaanitti,
maatii keessa, hiiryyaa ta’uu danda’a.Rakko dubarti gegesitu kana qunnamee fi rakoo kana hiikuuf
ogumma gaggeesumma isheen fayyadamte/muliste irrati xiyeefadhu.
Hirmaatooni hundinu seena gagaeesitu dinqisiifatan akka walii isaanif ibsan eddaa gooten booda, gaaffii
armaan gadii gaaffadhu.

a) Hallii umame, gochii raawatame waal fakkataa, seenaa bayee keessatti deddeebi’ee mul’ateraa?
Dubartoonni dhimmoota akkamitu dubartoonni tarkanfi akka fudhatan taasisa?
b) Jireenya kee keessatti rakko isiin qunnameeakkatti keessa darbitaan ni yaadatu? Rakkinichaa
mo’achuuf qulqullinnii fi ga’umsii issin ittin fayadamtan maal? Rakkowwan si qunnamee hiikuuf
qaamni deegarsaa si godhe jiraa? Tarkaanfi maali fudhatan?
c) Amala gaggeessummaa isaa kamin qabaa jettee yaada? Amala gaaggesummaa isa kaam
dabalataan qabachuu hawwitaa?
d) Akka gaggeesituti off ni yaadda/ilaalta?Maaliif?
e) Namni bira akka gageesiituti si ilaala?

MATA DUREEN MAAL?

Har’aa gaggeesitu garii jeechuun maal jeechuu akka ta’ee barana.

OFITTI AMANAMUMMAAN KEE AKKAMI?


 Mirga kee fi yaadni/ilaalchi kee ni dhaga’ama jettee ni amantaa? Yaannii kee siif akka dhaga’amuu
itti amanta?
 Yeroo waliga’ii namoota biroo waliin wali hin galu jettee ni yaadda?
 Waldhabiinsa baqachuuf yeroo hundaa yaada namoota waliin waliigaltaa?
Gaafiwwan kun wa’e ofitti amanamummaa kee maal sitti himaa?

DHAGEEFACHUU FI BARACHUU
1. Gaggeessaa jechuun maal jeechuudha?

Gaggeesaa jeechuun maal akka ta’eehirmaatoota gaafadhuu.

Deebii hirmaatoota filiipii chartii irraatti barresii, deebii isaanii hiika armaan gadii waliin xinxala:
Gaggeessa jechuun “nama raawwii hojii tokko galmaan ga’uuf uummata gurma’ee tokko kakkasuuf
fudhatama kan qabu/ dhibba kan godhu jechudha”. Gageessan ni dursaa, fakeenya ta’un ni gageesa,
kaneen biroos ilaalani hordofuf kaka’umsa ni godhatu.

2. Qulqullini hoggansa gaarii maal?

Hirmatoonni qulqullina/amala gageessa gaarii irratti lama lamaan akka mari’ataan gafadhu.

Qulqullina/amaloota gageessa isaan adda basan barreessa.Tarreeffama armaan gadii waaliin waliitti
dhufu isaa xinxala.

Qulqullinoota/amaloota hoggansa gaarii ta’aan:

 Iddo kenameef fayadamuun bu’aa adda dhunfaa ishiif fayyadamuu dhiisuun uummata hundaaf
yaaduu.
 Namoota gaggeesitu barsiisu, isaanis jireeny isaanis kan ummataas ni fooyyeesu.
 Ofiishes ta’ee nama biraa ni kabajji, namni hundii ni kabajaan.
 Daangaa ishii keessatti waan raawatu ni beektti.
 Uummaanni saganta misooma keessa galee galii akka argatuu ni kakasti ni jajjabesiti.
 Mul’ata qabachuu - gara fula duraatti maal irratti xiyefatamee hojjetamu akka qabu ni beektti
namoota dursitte fageesite ni argiti.
 Onnachiistuu – gaggeesuma ishi keessatti waan hojjetamee irratti kan nama jajjabesituu.
 Itti gafatamummaa - waan hojjeette kam irratii iyuu itti gafatamummaa kan fudhattu.

 Hirmachiisummaa – fedhii fi rakko isaan irratti uummata marsiisuun murtoo kennuun


dura yaada isaani galchuu yaalu.

 Miira tokkumma- fakeenyaan kan gageesituu, sammu gutuun gaggeesuun warra ishii
jala jiraan amala ishii akka horddofan goochu.

 Of kan danda’uu fi kaka’uumsa kan qabdu.

 Kan nama hin Qonnee – Nama hundaa walqixaa fi haqa qabeessan kan nama tajaajilu.
 HUbachuu kan dandeessu – dhimmoota biroo keesssatti kan nama jajjabesituu fi rakko
nama akka mata ishiitti kan ilaaltu.

 Of to’achuu kan dandeessu-sirritti miira ishii to’achu kan dandeessu.


 Dirqqama ishii sirritti bahuu kan dandeessu.
 yeroo hundaa dirqama ishii bahuuf of kennitee sa’atii hundda kan hojjetu
 Amanama- Murtoo walga’ii irratti kenname miseensota beeksiisuu fi itti gafatamummaa
fudhachu.
 Ofitti Amanamummaa - gareen maal akka hojjetu mul’ata ifa ta’ee kan qabdu.

Hirmaatoonni barreefama isaani kan kee waliin dorgomsiisuun akka xinxalaan gafadhu. Amaloota
gagessa hundda keessa kamtuu irra caalaa barbachiisadha jettanii yaadu?

3. WIBJ keessatti dubartoonni bayiinaan gaggeessa maaliif hin tane?

Maaliif WIBJ keessatti gaggeessa murasa ta’aan? Hirmaattoota gaaffadhu.


Hirmaatoonni deebii armaan gadii kana waliin kan walfakkatuu fi deebii biroo kan walfakatuu akka
deebiisaan gaaffii gaaffadhu.
Sabaabbiin uummata baadiyaa keessatti dubartoonni qonnaan bulaa ta’aan gahee gaggeessumma irratti
kan hin hirmaanneef maal:
 Sadarkaan barumsa dubartootaa dhiiroota waaliin yoommuu ilaalamuu gadii aana waan ta’eef.
 Odeeffannoo dhabuu irraa kan ka’ee.
 Angoo murtessummaa dhabuu irraa kan ka’ee.
 Uummaata keessatti dubbachuu sodaachuu.
 Warri angoo irra jiranii fi dhiirii dubartooni dandeetti gaggeesumma hin qaban ilallch jedhu waan
qabaniif, dubartoonni ija lafodha, ofitti amanamummaa hin qabani waan ta’eef gaagesuummaaf
ga’oo mit jedhanii ilaalu.
 Adaan danga’uu – dhiiroonni murasinni haadhaa warraan isaanii walga’ii akka hirmmataan hin
hayyamaan.
 Bayyiinni hojii dubartootaa irra waan jiruuf.
 Dhiiraa fi dubartiin gaggeessummaa dubartiif kabaaja laachu dhabuu.
 Hojiin misooma jallisii fi bulchiinsia bishaanii irraa caalaa dhiiraan akka hojjetamutti yaadamu.
Sababboonni kennamaan kun hunddi dhugadha? Kam hambisuf salphaadha? Kam hambisuf ulfaataa dha?
Dubartootaa gafadhu.
4. Dubartoonni gara gageeessatti akka dhufaan jajabeessuuf maal gochuu qabna?

WIBJ keessatti dubartoonni sadarkaa gaggeesummatti akka dhufan gochuuf maal godhamu akka qabu
garee gaaffadhu.
Hirmaattoonni deebii armaan gadii fi kan biroo kana waliin wal fakkataan akka kennaaniif gaaffii
gaaffadhu.

 Abbaa warraan hadha warraa isaa gara gaggeessummaa fi bulchaa WIBJtti akka dhuftuu deegaruu
qaba. Abbaa warran hojii mana keessa dubartii waliin qoddachuu qaba, yaroos lamaan isaani gara
sadarkaa gaggeessummatti dhuufuuf yeroo ni qabaatu. Mana kessatti murttoo kennuu irrati walin
hirmaachu qabu.
 Itti gafatamummaa bulchiinsa bishaanii dhiiraa fi dubartiif kennamu qaba. Tarsiimoo Lakkofssa
hirmaannaan dubartootaa Koreewwan adda addaa yookiin gageesitoota WIBJ keessatti
dhibbanta sodoma(30%) akka ta’ee ka’uu.
 Rakko adaa waliin wal qabataan hambbisuuf leenjii dubartootaa irratti xiyyeffate qopheessuu,
innis leenjii oftti amanamummaa warraa uummata keessatti dubbachuu hin dandeenyeef.
 Dubartootaa ilaalchiise adaa miidha geesisaan irratti uummata hubachiisuun.
 Dubbartootaa biroo walin walitti dhufuun caarraa mariiwan uummata irrati yaada marii
gumaachuu fi murtoo kennu irratti mari’achu.
 Dubartootaa biroo waliin gurma’uun Ofitti amanu, uummata biratti hasawa gochu shaakaluu.
Koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa irraa caalaa deegaruuf calqaba irratti maal hojjechuu akka
qabaan dubartootaa gaafadhu.

DUB DEEBII HANGA AMMA KAN BARANEE IRRATTI


Dubartoonni caalmaan gaggeessa akka ta’aan jajjabeessuuf maalttu hojjetamuu aka qabuu edda irratti
mari’atamee booda, gaggeesa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa ta’uu isaani maaltu akka isaanitti
dhaga’ame dubartootaa gaaffadhu.
a) Maarii kanaan booda ofitti amanamummaan siitti dhaga’ameera? Maaliif?
b) Amma egaa qulqullina/amala gaaggeessa gaarii ta’uu irratti mari’annee jira, ga’umsa
gaggeesumma kee cimsuuf maal gochuu qabda?
 Manatti
 UUmmata keessatti
 WIBJ keessatti
 Koree Xiqqaa WIBJ garee dubartotaa keessatti.
c) Namni tokko dubartoonni gara gageeessummaa WIBJtti dhufuu hin qaban yoo jedhee maal
jetaan?

XUMURAA
Dubartii gaggeesitu taatee irraa kan eegamu amaala gaggeessa gaarii fi fakkenyaa gaariin
dha.Workiishoopiin kun gaggeessa gaarii ta’uf beekumssa, ga’uumssa fi ofitti amanamummaa isini kennu
qaba. Dubartotaa gaggeessa ta’aan, gageessuuf kan issan gargaru ga’umsii bu’uura qabachuu qaban:
Galma kewwachuu, karoorsuu, qinddessuu, murttoo kennu, waliigalchuu, waliitti bu’iinsaa hiikuu fi
uummata kessatti hasawa godhu irratti leenjjisuu qaba.

Dubartoonni ga’umsa gaggeessumma asiin dura maal akka qabanii fi miseensa koree xiqqaa WIBJ garee
dubartootaa bu’aa qabeessa ta’uuf ga’uumsa akkamii akka barbadaan gaaffadhu.

SHAKKALLII

Ga’uumsa ibsaa waan tokko iratti kennu fi Qunnamtti

Gaggeessan yeroo hundda uummata keessatti dubbachuu qaba. Kun immoo koree xiqqaa WIBJ garee
dubartotaafiis dhugadha. Rakkoo fi dhimma dubartootaa ilaalatu bakka bu’uuf dubartooni gaggeesitoni
dubbachuu qabu.
Rakkoon mul’atu tokko namni hedduun uummata keessatti dubbachuu ni sodaata. Keesumayu
dubartoonni guutumaan guutuutti uummata keessatti dubbachuu ni sodaatu, sabaabbiin isaa ija
lafoodha, garee keessatti dubbachuuf muxannoo hin qaban, keesuma yeroo dhiiroonni jiraan dubbachuu
ni sodaatu.Dubartoonni bayeen dhiiroonni akka isaaniif dubbataan barbadu. Haata’u malee dubartiin
gaggeessitu taate ofii ishii waa’ee mata ishii fi dubartootaa biroo dubbachuu qabdi.

Toftaan ati ittiin namatti off beeksiftu fi maal jeechuu akka barbadde akka si dhageefataniif sirnna ittiin
isaaniif dhiyeesitu keessatti seenan/maqaan gaggeesuma atti qabdu ni mul’ata.
Hirmattonni haasa gabaaba daqiiqaa tokko yokiin daqiqaa lamma dheeratu akka barreessan gaaffadhu,
dubartootaa biroo waliin of beeksiisaani duula isaan qopheesan irratti akka deegaran amansiisuu. Mata
durewan dhiimoota duulawani warra armaan gadiiti:
Teekinoloojii jallisii haaraa haala salphaan qonna jallisii hojjechu fi omishaa dabaluun dubartoonni
caalaatti fayyadamoo akka ta’aan gochu.
 Hojii suphaa dhiirootaaf dhimmota gahee hojii kornaya haqa qabeesa hin taane irratti kennu.
 Sagantaawwan dabaree bishaani, dhiimoota dubartootaaf dabaree galgalaa kennuu.
 Leenjii kenniinssa tajaajila eksteenshinii dhiiroota qofaa xiyyeeffachuun dubartootaa dagachuu.

Hassawan gababa qopha’an akkata kanaan deemuu danda’a:

Maqaan koo Tollanii Jabeessan jedhama; ani barreessituu koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaadha
akkasumas koree hojii raawwachiistuu kessan jira. Abbaa warraa koo fi ijolleekoo afur waliin Ganda xxxxx
keessaan jiraadha. Nuti maatii modela sirna kornayaati, ani koree ta’ee iskimii jallisii keenya karaa gaarii
ta’een akka gaggeefamu gargaaruu kootti abbaan warraa koo bayee gammada. Dubartootaa waliin
hasa’un waanan irraa hubadhe dubartooni abbawarra ta’an tokko tokko dabaree bishaanii keessatti
gahee ishii galgalaa kennamef jira. Dhimma kana gaggeesota WIBJ waliin ilaaluuf wadan galera. Hundii
keenya ni beekna galgallii dubartii tokkoof haala mija’aa akka hin tane.Dubartoonni hunddi bishaan
misooma jallisii yeroo isaani mija’eetti akka isaani keenamu abdiin qaba.

Dubartootaa tokko yookiin lama akka dubataan filadha.

Haasawa edda raawwataanii booda raawwi isaanii irratti mari’adha.Dubartoonni dub-deebii gaarii
argachu isaani mirkanefadha.

Sadarka armaan gadii hordofuun dubartootaawallinwantoota uummata keessatti hasawa goochuf nu


barbaachisan irratti mari’adha:

Uummata keessatti hasawa tasiisuuf qopha’uu:

 Ergaan kee barii - dubartii qofaaf halkaan dabaree bishaanii kennuu hin qaaban.
 Mata keetiin dubiicha qulquleefadhu – dabareen halkaani dubartootaaf miidha akka qabuu
hirmattoota amansiisuuf.
 Kaayyoo kee waliin kan deemu ergaa salpha ta’ee addabasuun qopheesi- qonni jallisii
dubartootaaf mija’aa akka ta’u gochu barbada.
 Dhimma fedhii hirmaatoota ta’ee tokko ibsa - haali mija’a dubartootaf uumamuun WIBJ
gammachuun guutuu ta’ee akka qabaanu nu taasisa.

Ibsaa waan tokko iratti dhunfan kennu fi fakkii:

 Namni kamiiyuu akka dhaga’uutti sagale guddaa fi qulqullina qabuun dubbachu.


 Yaada furmaata rakko uummata dhiiraa fi dubartiif kennu danda’u dhiyeesu.
 Ejjanno kee hubaachu fi amansiisu.
 Waa’ee mul’ataa kee dubbachuu fi mata dure kee turi.
 Hirmatoonni akka si beekanitti akka itti dhaga’amu godhi
 Yeroo murasaf dubbadhu, uummanni gaaffii gaaffachu akka danda’aniitti.
 Haasa’a kee yeroo qophesituu hirmatoota samuu kee keessa akka jiraanitti yaadi.
 Hirmatoota kee fi dhimmaa isaan akk beektu mul’isi.
 Karoora kee gara fula dura haala abdii qabutti fi ofitti amanamumman dubbadhu.

Siifi dhageefataa kee:


 Ergama koo amantummaan akka bahaan amansiisu.
 Ana waliin akka hojjetaan amansiisu.
 Akka na deegaraaniif yaada isaan argaachuu.
 Dhageefattoota sadarkaa isaaniitti itti hasa’u.
Ibsa/hasawaa dubartooni goodhan edda xinxaltanii booda dubartootaa gareen qoduun hasawa gababaa
akka tasiisan godha.Yeroo raawwatan tokko tokko isaaniif harka rukuuta.Walga’ii hirmataan hunda irratti
waan dubbataan qopheefachuun dubbachuf aka shaakalan itti hiimi.

HARA’A MAAL BARRANNEE


Quliqullina gaggeessa gaarii fi dubartoonni akkamitti qulqullina gaggessa gaarii kana marii uumata
kessatti akkamitti akka mul’isan ibsuun kuutaa kana xumura. Gaggeesudhaaf ga’umsa gaggeessumaa
isaanii irratti ofitti amanamummaa kan isaaniitti dhaga’ame yoo ta’ee gaaffadha.Kuutaan kun ofitti
amanamumma argacuuf maal isaan gargare? Tokko tokkoon dubartootaa akka wal deegaranii fi wal
gargaraani gageessa gaarii akka ta’aan jajjabessu.
Kutaa itti anuutti akka wal argiitan hirmattootatti himi.

MUJULA 6: SAGANTA RAAWWII KAROORA

Hirmattoota: Miseensa koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa qofa


Meeshaa barbachiisu: Haala mijeesitootaaf, fiiliphii chartii fi markeerii, hirmattootaaf yaadannoo fi
peennaa/iskirptoo.
Yeroo: Sa’aatii 2
Hirmattooni hubachuu kan qabaan.
 Waantoonni bakka tokkotti hin hafani – jijjiramnni gariin umamuu danda’a.
 Rakko adda basuun tarkaanifii fudhachuuf gargara.
Hirmatoonni kana agarsiisuu ni danda’u:
 Akkamitti sagantaa raawwi karoora qopheessan
Kallatti: walga’iin dura sadarkalee hordofuun filipii chartii qophesa.

SEENSA
Miseensonni koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa,gara kuutaa isaa dhuma fi sadaffaatti baga nagaan
dhufttan. Har’a kan barannu waa’ee akka mitti koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaaf saganta raawwii
karoora qopha’uudha.

TOKOO TOKKON KEENYA WALABARU


Mata dure Hara’a osoo hin egaliin dura tokko tokkoon Keenya walabaru. Mee tapha tokko haa taphannu
“Dhagaa walii irratti sadarkeessuu.” Taphni kuun gochoota ykn hojjiiwwan jireenya keenya fooyyessun
galma keenya bira akka geenyu kan nu taasisan kan ittin tarreesinu dha.

1. Lama lamaan akka hojjetaan hirmattoota gaaffadhu, tokko tokko isan gaaffii waal gaafatu. Tokko
tokkoon isaani jireenya isaani kessatti raawwatamanii fi kan jireenya kanatti isaan fiidan gochoota ijoo
ta’aan 3-4 akka filatan taasisi.
Gochooni kun tarii:

 Muxaannoo Ijoollumma
 Dhiibbaa maatii, fiira, hiiriyya - Namni waan haaraa yookiin waan adda ta’ee akka hojjetu si
jajjabesuu.
 Muxaannoo leenjii seera qabeessa ta’ee, innisi mana barumsaa yookiin eksteenshinii.
 Ogumma haaraa yookiin hojii, innis gosa midhaani haaraa dhaabu yookin teekinoloojii haaraa
yaaluu.
 Karaa daandeetti keetti fayyadame ummanni beekumtti siif kennu, innis qonnaan bulaa cima
yookiin nyaata qopheessu irratti yaada haaraa.
 Dhimmoota ijoo,innis ga’eela, dhiima addaatif ummataan filatamuu.
2. Fakeenya mata kee kenuudhaan shakalli dhimmoota sadarkessu isaan calqabsiisi. Hirmmattootaaf
fakenya nama kofalchiisu kenniif bashanana akka baratanif.
3. Hirmattoonniis gareedhan dhimoota filatan dub deebii ni kennu.Kun kan hojjetamu karaa adda addan
ta’u ni danda’a – kallattiin gareedhan, lama lama ta’un wal beeksiisuun yookiin suura kasuu fi isaan
agarsiisuun.

Dubartoota garee koree xiqqaa WIBJ garee dubartootaa taniin, miseensa koree ta’un isaani tarkaanfi
gudda jireeyna isaani akka ta’e yaadachisiini. Hunddi keessaan tarkkaanfi kana fudhachuu keessaniif baga
gammaddan!

MATA DUREEN MAAL?


Har’aa barachuuf kan deemnu waa’ee akkamitti rakko adda basuun furmata kennuu fi saganta raawwii
karoora qopheesina kan jadhudha.

OFITTI AMANAMUMMAAN KEE AKKAMI?


 Yaada kee walga’ii keessatti dursite ni ibsita?
 Walga’ii irratti waanaan barbaduu gaaffachuu naan danda’a jettee yaadda?
 WIBJ keessaatti maal hojetamu akka qabuu murtee akka kennanif caarraa namoota biraaf, koreef
ykn sagalee namoota irra jireessaf ni laatta?
 Ummata waliin waan tokko irratti yoo walii hin galle “lakkii” ni jetta?
Deebiwan kee kun waa’ee ofitti amanamummaa kee maal sitti himaa?
DHAGEEFACHUU FI BARACHUU
1. Mul’anni kee maal?
Hundii keenya mul’ata qabna haa jennu- innisi gara fula duraatti waan barbannu dha.Mul’ata akka
dhunfatti (dubartinis, dhiirriis), akka maatiitti, akka hawwasaatti, akka WIBJ, akka koree xiqqaa WIBJ garee
dubartootatti ni qabna.Koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota mull’animisensoota dubartoota WIBJ ni
qabaatu. Mul’anni dubartootaa lafa jallisii argachuun bal’inaan oomishuu fi bu’aa gudda argachuudha.
Garu dursa akka dubartitti mll’atnni mata kee maal akka ta’ee haa dubbannu. Gara fula duraatti mul’ani
kee maali?
Hirmattooni deebii armaan gadii fi kana waliin kan walfakkatuu dafanii akka kennan gaaffii gaffadhu
Fakeenya garee bira:
• Mana gudda arggachuu
• Ijollee barsifachuu
• Namoota dulomaanii fi hiyeessa ta’aan gargaru.
• Investera ta’uu
• Abbaa waraa ishii deegartee mana garii qabachuu fi jireenya garii jirachuu.
Warreen kun mul’atoota garii akka ta’an itti himi. Amma waa’ee jijjiramoota mul’ata kana dhugoomsuf
nu gargaaran haa dubbannu.

2. Yeroo kessatti jijjirama akkamiituu dhufe? Yeroo hatii kee Ijoollee turaan irra jalqabee.
Hirmattooni deebii armaan gadii fi kana waliin kan walfakkatuu dafanii akka keennan gaffii gafadhu

Fakeenya garee bira:


 Hatii keenya luka duwwa deemu- nuti kophee qabna
 Hatii keenya midhaan harkaan dakuu – nuti mana hofcoo/baaburaa deemnee daksiifanna
 Hatii keenya offata aadaa uffatuu- nuti uffataa hammayyaa uffannaa
 Hattii keenya ummataatti mul’achuu hin sodaatu - nuti garu ummatatti bahuu qofa miti
ummata keessatti ni dubbanna.
 Hatii keenya mirga isaan hin beekan- nuti garu mirgaa keenya hubannera shaakalus
eegalerra.
 Hatii keenya mana kessa hin bahaan- nuti garu bakka adda addaa demuun leenjii
fudhacha jira.
 Hatii keenya elektirikaa mana hin qabaan- nuti garu elekitirika qabna, jireenya keeny
salpha gochuuf ni fayyadamna.
 Hatii keenya laga deemanii bishaan warabu – nuti bishaan qulqulluu qabna.
 Hatii keenya ijoollee mana barumssatti erguu hin danda’ani- Ijoolleen keenya mana
barumsaa ni deemu.
 Hatii keenya socha’uuf geejjibnni hin jiru – nuti gara barbanneetti deemuuf geejjibni ni
jira.
 Hati keenya umurii 18 yoo tatuu haadhamana akka ta’an/heeruman godhamu - Ijoolleen
keenya ni baratu, barnnoota biroo yookiin hojii barbadu fagoo deemu. Liiqii argachuu ni
danda’u.

O! Waggoota murasa keessatti Kun jijjirama guddadha.Jijjiramnni kun kan dhufaan hadhaa keessan irra
kaasee hanga ammatti yoo ta’ee, yeroo ijolleen kee dhiiraa fi dubartiin guddatan jijjirama dhufu yaadi.

3. Jireenya kee amma keessatti jijjirama guddina akkamituu dhufee jira?

Hirmattooni deebii armaan gadii fi kana waliin kan walfakkatuu dafanii akka kennan gaaffii gaffadhu.
Fakeenya garee biraa:
 Maatii gammadaa fi fayyaa buleessa qabna.
 Hirmachuu, samuu keenyaan dubbachu fi fedhii Kenya bira ga’uu irratti mirga kenya ni shaakalla.
 Dhimmaa hawwasaa irratti ni hirmaana
 Ollaa keenya ni jaalanna.
 Wal ni gargaara.
 Galiin keenya guddateera.

Jireenya keenya irratti fooyyee’iinsa arguuf dhaloota/bara eeguun nu hin barbaachisu. Jireenyi keenyi
sababbiiwwan projektoonnii fi hojjiwaan misooma akka projektii jallisii yeroodha yerootti fooyya’a deema
jira. Garuu jijjiramnni hundii gaarii mit. Ammallee rakkoo hedduu qabna.

4. Qonnaa keessan irriit rakkon guddaan maal? (tartiibaa ciminaan)


Hirmattooni deebii armaan gadii fi kana waliin kan walfakkatuu dafanii akka kennan gaaffii gaffadhu.
Fakeenya Garee biraa:
 Hanqina bishaanii – Bo’oon jallisii hanga amma hin ijaramne.
 Hanqina Lafaa
 Lafa waliin seeraan ala fayyadamuu fi rakko
bulchinsaa.
 Ilbisootaa fi bineessota.

Rakkon ka’uumsa fi miidha ni qaba. Fakki muuka


kaasuun rakkoliin keenya rakkolee birotti akka nu
dabarsaan mul’isi.
.
5. Rakkoo adda basuu

Rakko tokko filadhuutti fakki muukaa kaasi.

Fakeenya garee biraa:

Hundeen maal? (Ka’umsaa rakkoo)


Hanqiina lafa, hiyyumma

Jirmmii maal (Rakkoo guddaa)? Haqiina bishaanii.

Dameen maali (bu’aa yookiin miidhaa dhufu)? Jaldessa, hanttuta, lafa irratti midhan gogoguu, daldala
seeraan ala facaasuu, xaa’oo karaa mootummaatiin gattin isaa walakkaan kanfalamee waliqixa rabsuu
dhabu, karaan dhabamu, gabaan dhabamuu, dhiyeesiin xaa’oo turuu,sanyii qulqullina qabu dhabamu.
Yaada rakkoo hundumaa ilaallerra. Ka’uumsii fi dhibaan yookiin bu’aa hedduun ni jiru. Akkamitti ka’umsaa
rakko hiikama, miidhaan rakkoo ulfataa akka hin tane gochuuf?

DUB DEEBII HANGA AMMA KAN BARANEE IRRATTI


Kuutaa kana keessati - gara fula duratti mal akka barbannu mul’ata keenya iraatii mari’aanne. Jijjiramoota
waggaa dheraa keessatti dhufee fi yeroo gababaa keessatti dhufee irratti mari’annera. Akasumas rakko
irrattis mari’annera.
 Rakkowwan keenya hiikuf tarkkanfii yoo fudhanne jijjiramni ni dhufa janne hawuu ni dandeenya?
 Rakkoon addaan bahee hiikamu ni danda’a jettee ni yaadda?
 Rakoo gurguddaa ibsaman hiikuf yaada atti dhihesitu maal?
XUMURAA
Koreen xiqqaa WIBJ garee dubartootaa kan hunda’ee - rakko miseensota WIBJ fi keessattu dubartootaa
hiikuuf. Akka gageessatti waa’ee rakkichaa beekuu,hubachuu, waa’ee isaa dubbachuu fi hiikuu yaaluuf itti
gafatamummaa qabna. Rakko hiikuuf karoorri bayee
barbachiisadha.
Jalqqaba waggaa irratti yookiin walga’ii yaa’ii waliigalaa booda
koreen xiqqaan WIBJ garee dubartoota miseensa WIBJ dubartoota
hundda waliin rakko isaanii irratti dubbachuu qabdu. Waggaa
waggaatti rakko murasa hiikuuf karoorssu qabdu. Rakkichi bayee
yoo ta’ee bara kana kan hiikamuu qabu irratti waliigalu qabdu.
Gageessa bu’aa qabeessa ta’uuf, miseensonni WIBJ rakko isaanii
hiikuuf tarkaanfii isiin fudhataan ilaluu barbadu.

SHAKALLII!

Galma ga’uuf karoorssu.

Amma egaa, saganta raawwii karoora waggaa qopheesuuf deema jirra.

1. Hirmmattoonni yaada sagantaa raawwii karoora akka hubataaniif jireenya mata isaanii keessatti
waantokko saganta bafaatanii raawwataan irratti mar’achuun eegalu. Fakeenyaaf midhaan
facaasuu/biqiltuu dhabu, mana ijaruu, uffata hodhachu, ciidha karoorsuu fi kkf.

2. Waan murasa irratti eedda mari’atanin booda hirmattoota ‘hiriyoota shanaan’ karoorsuuf
barbachiisan beeksiisin. Harkka kee ol kaasuun tokk tokko quuba keef hiriyya tokko barreesiif:
Malif? Sababa galma ga’uf hojjenuu
Akkamitti? Hojiicha hojjechuf sadarkaawan barbacisaan
Enyu?Nama hojiicha / karooricha raawwatu.
Yoom?Tokko tokko sadarkalee raawwachuuf yeroo fudhatu.
Maliin? Raawachuuf qabeenya barbachisu. (Humnanama, meeshaa fi mallaqaa)

3. Hirmattoonni hiriyoota shanaan akka baraniif tapha tokko taphachiisi.Hirmattooni akka ol ka’aanii fi
harkaa isaani fundura issaniitti akka ol kasaan gafadhu. Sanaan booda deemani gingoo hojeechuun
tokko tokkoon isaanii quba harka isaani irraa hiriyoota shanaan haa wamaani. Kan hunda waame haa
ta’uu, kan wamuu hin dandeenye irraa debi’ee yeroo itti anuutti haa yaalu. Gingoon akkuma
eegametti ta’ee hirmattoonni hundi sirrtti hanga wamanii xumuranitti itti fuufa.
4. Sanaan bodaa gara rakko tareeffamaaniitti (fakki mukaa) haa deebinu. Rakkoleen hedduun
tarrefamaniiru.Furmanni murasiin maali?

Hirmattooni waa’ee furmatichaatti yaada akka itti kennaan gaaffii gafadhu


Fakeenya garee bira:

 Leenjii gageessumma koree hojii raawwachistuu irra argachu – “akkamitti uummata akka
gagessinu baru barbadan”.
 Leenjii keenya shakalliin deegaru:
a. Iskimii fi warra dhiira waliin karoorsu.
b. WIBJ, caasaa mootummaa fi dubartootaa cimsu. Fkn fedhii wal fakkatuu kan qaban
garee dubartoota, garee eksteenshiinii dubartootaa fi kkf .
c. Dhimma miseensota dhaga’uuf konfiransii umu.
d. Walitti hidhaminsa gaba umu.

5. Saganta raawwatinsa karoora koree xiqqaa WIBJ garee dubartoota.


Furmaataaf yaanni isin kennitan bara kanaaf hojii keenya ni ta’u. Yaada kennitaan keessa sadii adda basuu
ni dandessu? Hirmattooni sadii addan basuuf yaada tokko irra ga’uu yoo baatan gadii fageenyaan akka
irratti mari’aatan, yaada gurgudoo sadanifi sagale laachuun akka filatan taasisi.

Quuboota keenya shanaan fayyadamuun hojiiwwaan waggaa kana haa karoorssinu.


Sagantaa Raawwii karoora kan agarsiisu .

Hojii #1:
Malif Hojjeeenn? Akkamitti Yoom Enyutu Hojeechuuf
kaayyoo hojjenna? hojjenna?sa’atii hojjeta?Nama itti maaltu nu
sadarkaa gafatamu barbaachisaa?
horddofuu Qabeenya
qabnu barbachiisuu

Hojii #2:

Malif Hojjeeenn? Akkamitti Yoom Enyutu Hojeechuuf


kaayyoo hojjenna? hojjenna?sa’atii hojjeta?Nama itti maaltu nu
sadarkaa gafatamu barbaachisaa?
horddofu qabnu Qabeenya
barbachiisuu

Hojii #3:

Malif Hojjeeenn? Akkamitti hojjenna? Yoom Enyutu Hojeechuuf


kaayyoo sadarkaa horddofu hojjenna?sa’atii hojjeta?Nama itti maaltu nu
qabnnu gafatamu barbaachisaa?
Qabeenya
barbachiisuu

6. Hirmattoonni karoora isaani altokko hojiiwwan sadaniif edda qophessanii booda karoora isaani
qopheessuu keessatti waan ulfataa isaan qunname gaaffadhu. Waan ulfata isaan qunnamee irratti
akka hasa’anif isaan jajjabeesi. Jalqaba iratti rakkon nama mudachuun waan jiiru ta’uu itti himi.

Dura teesuun koree xiqqaa WIBJ Garee dubartootaa karoora issanii xinxaluun akka dhiyessitu
gafadhu.

Hara’aa maal barannee?

Koreen xiqqaan WIBJ garee dubartootaa hunda’ee, qajeelfama hojii fi karoora qopheefateera. WIBJ
keessatti gahee bu’aa qabeesa ta’e bahuuf qopha’eera.

Kuutaa isaa dhuma kana xumuruuf dubartoonni leenjii kana xumuuruu keessaniif baga gammaddan.
Gahee fi hojii isaan raawwachu akka danda’aniif qulqullinaa/amala gageessa gaarii akka yaadataan isaan
jajabeesi.

You might also like