You are on page 1of 42

1.

Karoora Maatii

Qophii kana keessatti maloota karoora maatii fayyadamuutuisiniif dhihaata.Qopheessitootni qophichaas


Ana------------fi---------tiin isiniif dhihaata. Akka nu dhaggeeffattan kabajaan isin affeerra
Karooramaatii (2times)
Namni tokko dhalatee, Umurii ijoollummaa fi dargaggummaa keessa darbe / ce’ee inni dhiirri fuudhuuf
isheen durbaa ammoo heerumuuf qophaa’uun isaanii hin oolu. .Innis waa’ee karoora maatii beekuu fi
karoorfachuu jechuudha.Kanaafuu, erga fuutaniin booda utuu daa’ima hin godhatin dura waa’ee karoora
maatii sirriitti qorachuu fi hubachuun baay’ee barbaachisaadha.
Karoora maatii jechuun maal jechuudha? Maaliifis barbaachisee? (30sec music)

Ceesisa
Karoora maatii jechuun, tooftaa Abbaan manaa fi haati manaa hubannoon mala ulfa ittisu fayyadamuun
baay’ina ijoolee godhatanii murteessan ykn ijoolleegargar fageessanii akka godhataniif tooftaa
fayyadamaniidha.

Malli ulfa iittisuuf fayyadaman kunis kan ammayyaa fi kan aadaa jedhamanii iddoo lamatti qoodamu.
Karaa biraa immoo kan umamaa fi kan namtolchee jedhamuusni danda’u.Malli ulfa ittisu inni ammayyaa
kan akka dhiira maseensuu/ hidda gudunfuu/, dubartii maseensuu/ ujjumoo gadameessa gudunfuu/,
IUCDii/gadameessa keessa kan kaawaamu/, Irree kessa kan hawwaalamu /implaantii/, bifalilmoo kan
kennamu, bifa kiniiniin kan kennamu/piilsii/, kondomii dhiira, kondomii dhalaa, mala kan yeroo tasaa,
mala guyyoota laguu fi mala harma hoosisuu fa’i. Tooftaaleen kanneen biroo ammoo mala laguu
(raaytemii), mala salqunamtii addaan kutanii spermii (sanyii dhiiraa) alatti baasuu fi k.k.f. dha.

Ceesisa

Yoo wal-hormaatni akka amma jirutti itti fufe, dubartiin biyya Itoophiyaa bara jireenyaa ishee kessatti
giddugaleessaan ijoollee Shan horuu/godhachuu danda’u. Dimshaashumatti, dubartoonni gaa’ela
dhaabatanii/heerumanii/ jiran dhibbantaa 36ta’an mala karoora maatii fayyadamaa kan jiran oggaa ta’u,
kan hin heerumin dhibbantaan 58 immoo mala karoora maatii fayyadamaa jiru.
Gama fayyaanis ta’e gama hawwasummaan Waa’een wal-hormata dargagootaa baay’ee
barbaachisaadha.Ijooleen haadha umuriin hin ga’in irraa dhalatan carraa dhukkubaa fi du’aatiif daran
saaxilamuu danda’u. Fakkeenyaaf, Haati umuriin isaanii waggaa 19 gadii warra turanii mucaa
godhatanirra balaa yeroo ulfaa fi carraa barnoota isaanii addaan kutuu fi carraan rakkoolee garaagaraaf
saaxilamuu isaanii guddaa dha. Dubartoonni biyya Itoophiyaadhibbentaa 13 kan ta’an umuriin isaanii
wagaa 15tii -19 giddutti ulfaa’uu jalqabu.
Ceesisa
Mee amma immoofedhii fi barbaachisummaa itti fayyadama karoora maatii haa ilaallu
Akka imaammatni fayyaa mootumma Itoophiyaa jedhutti, fayyaan haadhaa fi daa’immanii xiyyeefanoo
addaa kan barbaadudha. Imaammatichis tajaajila wal-waaltessanii bilchina yaad-rimee fi tajaajila karoora
maatii babal’isuun fayyaa maatii ga’aa fi jijjaramni uummataa karooratti kan hundaa’e akka ta’u ajaja.
Sababaalee karoorri maatii barbaachisan keessaa isaan gurguddoo kanatti aananii jiran mee haa
dhaggeeffannu

 Lakkoofsi uummataaa fi dinagdeen biyyaa akka wal simatu gochuuf fayyada.


 Ulfa hin barbaachifne ittisuudhaafi,
 Fedhii wal hin madaalle, fkn, yeroo ammaa shamarran hin heerumin jiran dhibbantaan 26,
karoora maatii fayyadamuu Kan barbaadan yoo ta’u illee tajaajila barbaachisu kana argachuuf
fedhiin isaanii guutamuu hin dandeenye.

Kanaafuu, fedhiin kun akka guutamuuf itti fayyadamni tajaajila karoora maatii fala ta’a jechuudha.

Ceesisa

Karoorri maatii namoota kamiifiyyuu barbaachisaa dha. Keessumattu warra umrii ijoollee argachuu
keessa jiraniif ulfa hin barbaachisne hanbisuuf faayidaa guddaa qaba.Kanaafuu, fayyummaan maatii
keessanii akka eegamuuf garaagarummaan ijoollee deessanii waggaa 3 hanga 5 akka ta'u taasisaa.Harma
hoosisuu akka tooftaa karoora maatiitti itti fayyadamaa.

Kunis kan ta'uu danda'u, haati hoosiftu xurii ykn laguu arguu hin dandeessu,

Daa'imni harma malee nyaata biraa tokkollee hin fayyadamu yoo ta'ee fi umuriin daa'imaa ji'a jahaa (6)
gadi yoo ta'eedha. Dabalataanis, fayyummaa keessanii fi Kan ijoollee keessanii eeguuf de'umsaan booda
gara dhaabbata fayyaa ykn hojjettuu ekisteenshinii fayyaa deemuudhaan fayyadamtoota tajaajila karoora
maatii ta'a

Ceesisa

Malli ulfa iittisuuf fayyadan kanneen akka of murteessuu, Kondomii fayyadamuu, Piilsii (kiniina)
fudhachuu, Kiiniinii yeroo hatattamaa fudhachuu, Marfee waraannachuu, Qoricha irree keessa
kaa’amu fayyadamuu fi kan kana fakkaatanii.Meeakkaataa itti fayyadama isaanii akka itti aanu kanatti
dhaggeeffadhaatii qalbeeffadhaa!!!
 1ffaa: Of murteessuu,jechuunis wal-quunnamtii qaama saalaa irraa of-eeggachuu, ykn tasumaa
lagachuu jechuudha.

 Inni itti aanu Kondomii fayyadamuudha.Kondomiinkun warra dhiiraas, warra dubartootaas ni


tajaajila. Kondomiin dhiiraa qaama saala dhiiraa irratti uwwisuun , kondomiin dubartootaa keessa
qaama saalaa dhalaatti yeroo hundaa wal-quunnamtii saalaa dura uwwisuun fayyadamuu,

Ceesisa

 Inni 3ffaan Piilsii (kiniina) fudhachuudha. Dubartiin/dhalaan kiniinii/dawaa ulfa dhorku


afaaniin fudhatti/liqimsiti.Kunis guyyuma guyyaan fudhatamuu qaba.

 Kan biraa ammo Kiiniinii yeroo hatattamaa fudhachuudha.Kunis akkuma maqaa isaa irraa
hubannutti mala atattamaan ulfa dhorkuuf gargaaruudha.Wal-quunnamtii saalaa of-eeggannoo
malee raawwatameen booda hanga guyyaa shanii (5) gidduutti kan fudhatamuudha. Akkuma wal-
qunnamtiin raawwatameen kiniinii yeroo hatattamaa kana fudhachuun tasumaa akka ulfi hin
raawwanneef ni gargaara.

 Marfee waraannachuunis tooftaa kan biraati. kun ammoo Gargaarsa ogeessa fayyaa leenji’een
marfee/lilmoodhaan yeroo hunda ji’a sadii-sadiin kan kennamuudha.

 Kan 6ffaa Qoricha irree keessa kaa’amu fayyadamuu ta’a. Gogaa Irree harkaa dubartii/dhalaa
jala awwaalamuun implaanoonii yoo ta’e waggaa sadi’iif, jadellee yoo ta’e immoo waggaa shaniif
kan gargaaruudha.

 Inni dhumaa IUCD fayyadamuudha. Ogeessa yaalaa leenji’een gadameessa dhalaa keessa
seensisuun waggaa 12 maaf kan gargaaruudha. Yeroo dabartiin dhala barbaadde kamittuu keessaa
ba’uu kan danda’uudha.Umurii guutuu ulfa dhorkuunis ni danda'ama.Kunis Yoo dhirsaa fi niitiin
walii galanii guutumaa guutuutti hanga dhumaatti dhala godhachuu dhaabuu barbaadan mala
dhiira maseensuu/ hidda gudunfuu/ fi dubartii maseensuu/ ujjumoo gadameessa gudunfuu/
fayadamuun ni danda’a ma.

Ceesisa
Kanaafuu, fayummaa keessanii fi Kan ijoollee keessanii eeguuf da'umsaan booda gara dhaabbata
fayyaa deemuudhaan fayyadamtoota tajaajila karoora maatii ta’aa! Kunis bilisaan Kan kennamu
waan ta’eef yaaddoo tokko malee fayyadamuu dandeessu.

Malli karoora maatii karaa marfee/diipoo/ fi kiniinin/piilsiin/ kennamuu kellaa fayaatii kaasee iddoo
hundatti argama. Implaantii fi IUCDiin buufata fayyaa fi hospitala hundatti argama. Malli
dhaabataan/hanga dhumaatti maseensuuf oolus ogeessa leenji’aniin hospitaala hundatti ni kennama.
Dhaabileen miti mootummaakan akka dhaabata karoora fayyaa maatii Itoophiyaa fi Meristoopsii
akasumas dhaabileen fayyaa dhuunfaa seera-qabeesumaan isaanii beekame keessattis tajaajilli karoora
maatii ni kennama waan ta’eef itti fayyadamaa. Kan isin waliin turre qopheessitootni qophichaa Ana
------------fi -----------------turre.
Qophiin keenya kan har’aa asuma irratti goolaba, torban qophii biraatiin hanga walitti deebinutti rabbi
nama torbanii nu haa taasisu! Horaa bulaa!!!

2. Tajaajila waliigalaa Ulfa hin barbaachisne baasuuf kennamu


Qophii keenya torban darbee keessatti waa’ee karoora maatii fi fayyadamtoota tajaajila karoora maatii
irratti aasofnee qophii biraatiin akka walitti deebinu waadaa waliif seennee turre.Waadaa keenya
eeggannee qophii Tajaajila Ulfa hin barbaachisne baasuuf kennamu jedhu qabannee isiniif
dhihaanneerra. Amma dhuma qophichaatti akka nu hordoftan kabajaankan isin afeerru
Ana---------------fi Anis------------n jedhamna.Tajaajila walii galaa ulfa hin barbaachifneef!!!
Ceesisa
Akka qorannooleen garaagaraa ibsanitti,biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti waggaa waggaatti ulfi
miliyoonni 3 qabxii 3 akka uumamutu tilmaamama. Kana keessaas kuma dhibba shanitti kan tilmaamamu
ulfa akka tasaa ykn utuu itti hin yaadin, akkasumas of eeggannoo barbaachisu gochuu dhabuudhaan kan
irraa ba’uudha.Sababaa kanaanis lubbuun haadholii fi daa’immanii heddumminaan akka
darbu,akkasumas dinagdeen namoota baay’ee balaa kanaan akka qisaasamu ni himama.
Biyyi keenya Seerota mirga namoomaa akka sadarkaa idila addunyaatti ragga’nii jiranmallatteessitee
ittiin waliigaltee jirti. Isaan keessaa waa’ee miidhaa dubartoota irratti raawwataman ilaalchisanii
kanneen ragga’an mirga wal hormaataafillee bu’uura ta’aniiru.Kutaadhuma mirga namoomaa kana
keessaa heera mootummaa biyyattii ,keeyyatni 14,15 nii fi16 irra kan jiru waa’ee mirga lubbuun
jiraachuu,mirga birmadummaa fi nageenya dhala namaa dubbata.Keeyyatni 35’n ammoo waa’ee
dubartootni mirga walqixa dhiira waliin qabanii,mirga odeeffanoo garaagaraa argachuu fi mirga
rakkoolee ulfaa fi da’umsaan wal qabatanii miidhaa isaan irratti geessisan irraa eegamuu , akkasumas
mirga daa’ima godhachuu danda’uu isaanii odeessa.
Ceesisa

Imaammatni dhimma dubartootaa biyya keenyaa kunis kan sadarkaa gadi’aanaan dubartootaaf kennamee
akka jiruu,du’i haadholii guddaa ta’uu, haalli wal-horuu namootaa haalaan dabalaa jiraachuun baay’inni
namootaa dabaluu, itti fayadamiinsi mala karoora maatii gadi aanaa ta’uu, gochaa badaa barmaatilee
miidhaa geessisanii kanneen akkaaadaa (kittaanaaykn nanna qabaa dubartotaataa, utuu umuriin higa’in
heerumuu) fi walaalummaan wal-hin madaalle guddaan dubartoota irra akka jiru hubachiisa. Imaamatichi
dabalees tarsimoo sadarkaa dubartootaa ol-kaasuuf uummatni barmaatilee miidhaa geessisan irrati
hubannoo uumuu fi barsiisuu, dubartoonni tajaajila fayyaa bu’uuraa fi odeefannoo karooraa maatiirratti
akka argatan mirkanaa’ee akka jiru lafa ka’a ykn ibsa.

Gosa ulfa baasuu


Ulfaa hin barbaachisne baasuu jechuun haala miidhaa hin geessifneen ulfa hin barbaachisne mana yaalaa
deemuudhaan baasuu jechuudha.

Ergaa mucaan garaatti hafee/tee ykn xurii ji’aa arguu dhaabanii turban 28tii gaditti yoo ulfi bahee ulfa
baasuu jedhamee beekama. Yoo lakkoofsa marsaa xurii hinbeekne ta’e ammoo mucaan ulfaatinni
ishee/isaa kiiloo tokkoo gadi ta’ee yoo garaatii ba’es akka ulfa baasuutti ilaalama .Tajaajilli ulfa baasuuf
kennamu kunis tajaajila dubartoota giddu-galeessa godhate/fedha dubartootaa irratti hundaa’ee fi
tajaajilaa erga ulfi garaatii ba’ee booda kennamu jedhamee iddoo lamatti qoodama.
Ceesisa

*Tajaajila ulfa baasuu dubartoota giddu-galeesa godhatee/ fedha dubartootaa irratti hundaa’ee
Kunis tajaajila waliigalaa haalota akka fedhii fayyaa qaamaa, sammuu, dandeetti argannaa tajaajila
fayyaa irratti dhiibbaa fidu hubannoo keessa galchuun tajaajila ulfa baasuu kennamuudha. Tajaajilli kun
haal-dureewwan sadii of keessaa qaba. Isaanis:-

1. Filannoo:- mirga yoom akka mucaa godhachuu barbaadan murteessuu, mirga ulfa itti fufsiisuu ykn
addaan kutuu, mirga fala jiran adda baasanii filachuu fi odeeffannoo guutuu argachuu fi k.k.f of
keessaa qaba.
2. Argannaa:- Tajaajila ulfa baasuu teknooloogii ammayyaa’een oogeessa dandeettii qabaniin kan
kennamu ta’uu qaba.
3. Qulqulina:-fedha tokkoo tokoo dubartootaa giddu-galeessa gochuun tajaajila waaltawaa kabajaa fi
iciitii eeguun refeeralii dabalatee kennuu

Tajaajilaa erga ulfi garaatii ba’ee booda kennamu


Tajaajila walii galaa dubartootaa erga ulfi ofinis ta’e haala biraan irraa ba’ee/ baasuu yaalamee booda
gara mana yaalaa dhufaniif kennamuudha. Tajaajilli kunis haala kanatti aananii jiran kanaan raawwata.

1. Michooma ummataa fi ogeessa fayyaa .: Ogeessi fayyaa, ummatnii fi kennitoota tajaajila fayyaa
kan akka deessistoota aadaa dabalata. Michoomni/gamtoomni kun hubannaa mallatoo balaa ulfaa
dabaluuf, qabeenya jiru sochoosanii sadakaa ummataatti rakkoo hawwaasummaa fi dinagdee
jiru hiikuuf kan fayyaduudha.
2. Gorsa: odeeffannoo guutuu, sirrii fi ga’aa ta’ee waa’ee wal-hormaata fayyaa kan akka karoora
maatii, gorsaa fi sakatta’iinsa fedhiiniinii( VCT) fi miidhaa koorniyaa irratti hundaa’ee ( GBV)
wal’aansa yeroo tasaa/ atattamaa kan ulfa baasuu hinxumuraminii ykn rakkoo qabu jedhamaniif
gorsa kennamuudha.
3. Tajaajila Mala karoora maatiii tola filannoo biliisaa irratti hundaa’ee kennama.
4. Walitti hidhiinsa tajaajila: tajaajiloota olitti ibsamee fi tajaajila fayyaa wal-hormaataa kan akka
waldhaansa dhubaa saltumaan dadarbuu, odeefanno waa’ee harma hoosisuu, , sirna nyaata
daa’imminii. Kitibaata/talaallii, sakkata’iinsaa kanserii daandii dhaltumaa fi kkf

Ceesisa

Mala ulfa baasuu

Malli ittiin ulfa baasan baay’eetu jira. Malli inni gaariin kan irratti hundaa’u hanga turtii ulfaa, haala
fayyaa waalii gala haadhaa, gosa mala ulfaa basuu jiruu fi sadarkaa tajaajilichi itti kennamu.
Dimshaashumattii mala medikaaalaa fi sargikaalaa jedhamuun beekama.

Ulfa baasuun akka biyya keenyaatti bara 2005 tii kaasee haal-dureewwan murtaa’oo ta’an irratti
hundaa’ee eeyyamameera .Haal-dureewwan Kannneeniifis kitaboleen akkaataa itti rakkoolee
dhukkubaa fi du’a ulfa baasuun walqabate hir’isuu nama dandeessisan, akkasumas tajaajila kana
akkaataa kennuun danda’amu kan ibsan qophaa’anii hojiirra oolaniiru. Seera yakkaa mootummaa
Itoophiyaa keeyyata 551 irratti akka ka’ametti, Ulfi hin barbaachisne baasuun kan eyyamamu yoo
mudannoon itti aananii jiran kunniin mudataniidha.Isaanis,

-Ulfi uumame sun gudeedamuun ykn firaa fi fira gidduutti kan uumame yoo ta’e

-Ulfichi oogessa fayyaatiin mirkanaa’ee haadha irratti ykn daa’ima garaa keessa jiru irratti miidhaa
hamaa ni geessisa yoo ta’e
-Daa’imni garaa keessatti uumamee jiru sun seera uumamaa alatti ykn seera uumamaa eeggatee kan
uumame yoo hin taane

-Dubartiin ulfoofte sun qaamaan ykn sammuudhaan hir’uu yoo taatee fi k.k.f tan yoo mudatan ulfichi
akka ba’u ni eyyamama.

Yeroo fi iddoo tajaajilaa ulfa baasuu


1. Ulfa baasuun haaldureewan duraan ibsaman irratti hndaa’ee seeraan Eyyamaamaa waan ta’eef
dhaabbileen fayyaa uummataa fi dhuunfaa ulaagaa barbaachisu guutan keessatti kennamuu
danda’a
2. Dubartiin ulfa ofirraa baasuuf ulaagaa guutuu guyyaa sadii keessatti tajaajila ulfa baasuu argachuu
qabdi.
3. Dhaabbileen fayyaa ogeessa fayyaa leenji’an fi meshaa guutuu qaban hundi akkaataa seera
yakkaa Itoophiyaa keeyyata 551n ulfaa baatii sadii (3) gadii baasuu danda’u
4. Tajaajilli ulfa baasuu kan ulfi baatii sadii hanga baatii torbaa gidduujiruu dhaabbilee fayyaa
sadarkaa giddugaleesaa fi olaanaatti ta’uu qaba.
5. Dubartiin tokko ulfa ofirraa baasuuf ulaagaa guutuu yoo danda’ame yeroo gabaabaa keessatti
odeefannoo barbaachisoo ta’an argachuu qabdi.
Kana keessatti hubatamuu kan qabu tajaajilli ulfa baasuu kun kennamuu kan danda’u ulfaa’anii hanga
ji’a 7 yoo ta’e qofaa dha. Ulfi ji’a 3 ol ta’e hundumtuu Ogeessota leenjii ga’aa qaban qofaanii fi
to’annoo gaayinakoologistootaa waliin ta’uu qaba.

Ceesisa

Ogessa leenji’een dhiisanii mala aadaatti fayyadamuun ulfa baasuun rakkoolee garaagaraa daran
miidhaa namarratti gaggeessaniif nama saaxiluu danda’a.Sababaan isaas mala aadaa kanaan tajaajila
qulqullina isaa eeggate argachuun waan hin danda’amneef rakkoolee kanatti aananii jiraniif nama
saaxila.Isaanis,

-garmalee dhiiguuf,

-dhukkuboota daddarboo ta’aniif

-qaama hormaataa irratti dhiibbaa jabaa uumuuf

-maseenummaa namatti fiduuf

-Hawaasa keessa jiraatan keessatti qaanii ykn looggii namatti fiduuf,


-Yoo kan baratan ta’e barumsa isaanii irraa addaan akka kutaniif

-Dhuma irrattis du’aaf saaxilamuu namatti fiduu waan danda’uuf of eeggannoo barbaachisaa ta’ee fi
tajaajiloota qulqullina qabu argachuuf oogessota fayyaa mari’achiisuun baroo ta’a.

Ceesisa

Of eeggannoon akka dhuunfaatti dubartootni gochuu qaban ammoo isaan kanatti aananii
jiraniidha.Inni tokkoffaan quunnamtii saalaa daangaa hin qabne irraa of qusachuu,

Yeroo quunnamtii saalaa godhanis akka dhukkuboota daddarboo karaa quunnamtii saalaa namatti
dhufuu danda’aniif akka hin saaxilamnetti kondomii fayyadamuu fi maloota karoora maatii
fayyadamuun ulfa hin barbaachisne ittisuun ni danda’ama.

Sababootni ulfa hin barbaachisne kanaan walqabatee jiru ni jira.Qorannoon tokko tokko akka
ibsanitti,Sababoota Kanneen keessaa:

• Hawaasummaa fi dinagdee waliin kan wal qabatan(fuudhaa fi heeruma, amantaa ,galii, fi k.k.f
ta’u.

• Haala dhuunfaan Murteessuu dhabuu, dafanii ulfa ofirratti baruu dhiisuu , ofumaan qoricha
fudhachuu, muuxannoo kanaan duraa dhabuu , qoricha ulfa ittisu fudhachaa turuu, Tajaajilli
kenninsa fayyaa waliin walqabate qulqullina dhabuu, Fayyadamtoota giddu-gala kan godhate
ta’uu dhabuu) fi k.k.f taniidha.

Akkuman dura isinitti himetti sababoonni caqafaman hundumtuu isaan gurguddoo ta’aniyyuu,isaan
biroonis ni jiru.Walumaa galaatti ulfa basuu osoo hin gaafatin kan turutu baay’ata.Wanti barbaachisu
garuu,

• Dubartoonni adeemsa ulfa baasuu kana keessatti maal maaltu akka raawwatamuu qabu
irratti xiyyeeffachuu qabu.

• Walitti dhufeenyi hiriyaa yookaan matii waliin qaban ga’ee guddaa qabaata.
Dhuma irrattis dafanii gara mana yaalaa dhaqanii oogessa fayyaa gaafachuun ykn
mariisisuun abshaallummaa waan ta’eef ulfa baasuun dura gara mana yaalaa deemaatii
Oogessa fayyaan mari’adhaa.Qophiin keenya har’aa asuma irratti Xumurama.Torban
qophii biraatiin hanga deebinutti rabbi nama torbanii nu haa taasisu kan isiniin jennu
Ana------------fi Anis ---------turre.Horaa bulaa!!!

3. Tajaajila da’umsa duraa


Qophii keenya torbee darbeetiin waa’ee Tajaajila Ulfa hin barbaachisne baasuuf kennamuu
dhaggeeffatanii turtan.,Qophii keenya itti aanu keessatti ammo waa’ee Tajaajila da’umsa
duraaqabannee akka dhihaannu waadaa isiniif seennee turre.Akka nu dhaggeeffattan kabajaan isin
afeerra.Kan isin waliin turru Ana---------- fi -----------------dha.Tajaajila da’umsa duraa
Ceesisa
Jiraachuuf fayyaan dhimma bu’uuraati. Fayyummaa keenyaa eeggachuuf ammoo gorsaafi
beekumsa ogeeyyii fayyaa keenyaa nubarbaachisa. Dhimma fayyaarratti leenji’uu qofa utuu
hintaane afaan sabichi beekuuf dhaga’uun itti himuun mataansaa dawaa dabalataati. 
Jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti fayyaan iddoo olaanaa qabaata.Sababaan isaas jiruu fi
jireenya ofii fooyyeffatanii bobba’uuf, lafa barbaadan ga’anii galuuf fayyaan
murteessaadha.Fayyaan faaya,nama bareecha,nama miidhagsa,nama qananiisas.Kanaafuu,fayyaa
keenyaaf dursa haa kenninu.Fayyaan lubbu qabeeyyii hundumaaf wabii jireenyaati.Garuu,fayyaan
haadhaa isaan hundumaa caala.Lubbuu haaraa ykn dhaloota haaraa laatti waan ta’eef. Haadhi
lubbuu haaraa nuuf kennuudhaaf lubbuu ishee dhabuu hin qabdu kan jedhameefis kanumaaf.
Kanaafuu hordoffiin de’umsaan duraa,yeroo ulfaa fi da’umsaan booda dubartiif godhamuun
rakkoo hedduu irraa isaan baraara.

Ceesisa
Kaayyoo tajaajilli da’umsa duraa inni guddaanis fayyaan haadhaa fi daa’immanii akka
mirkanaa’uuf barumsakennuudha.
.Haadholiin wayita ulfaa fi yeroo da'umsaa isaanii rakkoolee adda addaatu isaan quunnama.
Yeroo ulfaa mallattooleen dhukkuboota haadholii ulfaa irratti mul'achuu danda'an
hedduudha.Isaan keessaa muraasa isaanii akka itti aanu kanatti isinitti himuu yaalla.

Yeroo ulfaa mallattooleen haadholii ulfaa irratti mul'atan:-


Dhangal’ina dhiigaa Hamaa
,Gubaa/Hoo’ina qaamaa,
dhukkubbii Harmaa,
Dhukubii yeroo fincaan finca’anii,
dhukkubbii Gadameessaa.
Ciniinsuun yoo irra ture,
Mataa bowwuu cimaanii fi ija dura huurrii yoo mare
Dhiita’ina/ Hafuufama nafaa/qaamaa fi Gaggabsuu, akkasumas kanneen kana fakkaatan keessaa
tokko yoo dubartii ulfaa irratti argaman hatattamaan gara dhaabbata fayyaatti geessaa.
Ceesisa

Haati tokko ulfa ta’uu ishee akkuma beekteen gochaalee kanatti aananii jiran
raawwachuudhaan fayyummaa ishee fi uumama /daa’ima/ garaa ishee keessa jiruu eeguu
qabdi

gara dhaabbilee fayyaa deemuudhaan hordoffii tajaajila dahumsa duraa /yeroo ulfaa/ yeroo afur taasisuu
qabdi,

Akkaataa dhaabbata eegumsa fayyaa adunyaatiin: Hordoffiin taasifamu qabu

• Hordoffiin duraa ji’a 4 gadi ta’uu qaba, innis Hordoffii 1ffaa Ji'a lammaffa fi sadaffaa
gidduuti.jechuudha.

• Hordoffiin lammaffaa ji’a 5-hanga ji’a 6 ti, Hordoffii 2ffaa Ji'a ja'affaa fi torbaffaa gidduutti

• Hordoffiin marsaa sadaffaa ji’a torbaa hanga ji’a torbaaf torban lamaa ti,ykn Hordoffii 3ffaa ji'a
saddeettaffaa irratti 

• Hordoffii marsaa arfaffaa ji’a 9 ta’uu qaba, Hordoffii 4ffaa ji'a salgaffaa ykn isaa ol irratti.

Akkuma ogeessi fayyaa jalqaba ishee ilaalee murteessetti rakkoo fayyaa kan biraa yoo qabaatte,
ulfi ishii ulfa sirrii irraa adda yoo ta'e, hordoffii baay'ee qabaachuu dandeessi.

.kunis rakkoolee yeroo ulfaa qaqqabuu danda’an ittisuuf gargaara.

Sochii qaamaa;

Sochiin qaamaa kunis miilan deemuu/ miila diddiriirfachuu, maasaajii, haalan afuura baafachuu fi
fudhachuu, bishaan daakuu, xiqqoo sosochoo’uu, yoogaa hojjechuu fi kaan dabalatee jechuudha.
Ispoortiiwwan ciccimoo garuu hin dabalatu.

Sochiin qaamaa hawwan taasisan faayidaa hedduu qaba;


 Qaamni isaanii fayyaa akka ta’uuf
 Dadhabbiin garmalee akka isaanitti hin dhaga’amneef
 Da’umsaan booda qaamni isaanii bakka duriitti/sirriitti akka deebi’uuf
 Dhiphina ofirraa balleessu fi dhiibbaa dhiigaa yeroo ulfaa uummamu hir’isuuf,

Yoo sochii qaamaa taasistan kan kuftanii fi dhiphattan taanan fayyummaa keessaniif yeroodhaaf
dhaabuun ni gorfama.

Ceesisa

talaallii dhukkuba tetaanosii /dhukkuba boqoo gogsaa/ittisu fudhadhu.

kunis siifi daa’ima kee dhukkuba ajjeesaa teetaanosii jedhamu irraa ittisuuf gargaara.

qoricha hir’ina dhiigaa ittisuuf gargaaru fudhadhu.

kunis siifi daa’ima kee dhukkuba hir’ina dhiigaa irraaa ittisuuf gargaara.

haati ulfaa duraan kan nyaattu irratti nyaata dabalataa yeroo tokko akka soorattu
/nyaattuu/ fi boqonnaa gaarii akka argattu taasisaa.

Haati ulfi ofii isaanitiif qofa osoo hin taane daa’ima garaatti baataniifis nyaata madaalawaa argachuu
qabu. Kun ammo daa’imti garaatti baattu fayya qabeessa akka ta’uu fi guddannaan isaas bareedaa akka
ta’u gargaara.

 Guyyaa guyyaatti kuduraaf mudraa,


 Torbanitti yoo xiqqaate alsadii hanqaaquu,
 Torbanitti yoo xiqqaate alsadii ànnan,
 Torbanitti altakka ykn lama bu'aalee foonii,
 Nyaata yoo nyaatan altakkaan akka namoota kanneenii baay'e nyachuu waan hin dandeenyeef
xixiqqeessaanii daddafanii nyaachuu qabu.
 Vaaytaaminoota fi nyaata dabalataa garagaraa kanneen akka “iron, folate” dhaabbattoota fayyaa
irraa kennamuuf fudhachuu qabdu.
 Nyaata kaarboo haaydireetii hedduu qaban; daabboo, paastaa, ruuza
 Qurxummii, yoo xiqqaate turban lamatti al tokko

Ofeeggannoo nyaataa taasifamuu qabu ammoo


 Kan ture/bule, harka harka kan jedhe
 Kan hin qadaaddamne
 Kan harraa’e/ bade/foolii kan jijjiirrate
 Saamsamee kan bitamu, yeroon tajaajilaa irra darbe soorachuun haadholii ulfaafis ta’e namoota
kammiif iyyuu baroo miti.

Dabalataanis, Hawwan ulfaa suusiiwwan kanneen itti aananii jiran irraa of eeggachuu
qabdi.Isaanis

1 Alkoolii dhaabuu;

Yeroo ulfaa alkooliin hammam dubartoota ulfaa barbaachisa kan jedhu waan hin beekkamnee fi
daa’imman garaa keessa jiran waan qaqqabuuf alkoolii gonkumaa fudhachuu dhaabun ni gorfama.

Daa’ima dhalaturrattis dhiibbaa akka qabu ogeeyyin qoratanii irra ga’aniiru.

2 Kaaffeeyinii dhaabuu;

Dhugaatiiwwan kaaffeeyinii qaban kanneen akka buna, shayii fi miira dadammaqiinsaa/sissi’eessaa


qaban fudhachuu dhaabuun daa’imni ulfaatina dansaan akka dhalattu gargaara.

3 Tamboo xuuxuu dhaabuu;

 Daa’ima guddina hin fixatin da’uu


 Daa’ima ulfaatina dansaa hin qabne da’uu
 Daa’ima fayyaan hir’ate da’uu,
 Da’umsarrattis baduu/du’uu danda’u

kunis fayyuummaan haadha ulfaa akka eegamuufi uumamni garaa keessa jiru fayyuummaan
isaa eegamee akka guddatu gargaara.

haati ulfaa siree dawoo agoobaraan ykn saaphana sireen uwwifame irra ciisuu ishee
dhugeeffadhaa/mirkaneeffadhaa.

kunis dubartii ulfas ta’e uumama /daa’ima/garaa keessa jiru dhukkuba busaa irraa ni
ittisa/baraara.

Haadhi ulfaa fi abbaan manaa ishee qorannoo dhiigaa kan HIV /AIDS ii taasisaa,
Kunis fayyummaa keessan eeguu fi daa’imni keessan akka dhukkuba HIV /AIDS iin hin
qabamneef gargaara. Torban qophii biraatiin hanga deebinutti rabbi nama torbanii nu
haa taasisu kan isiniin jennu Ana------------fi Anis ---------turre.Horaa bulaa!!

4. Talaallii dhibee boquu gogsaa haadhooliif kennamu /TETAANOSII


Qophii
Dhukkubni tetaanasii baakteeriyaa kiloostiridiyeem tetaanii kan jedhamuun dhibee dhufuu dha. Namoota
saalaan ykn umriidhaan hin daangessu, daa’ima reefu dhalattu irraa kaasee hanga jaarsaa fi jaartiitti
qabuu danda’a. Dhibeen kun narvoota maashaalee qaama keenya ajajan kan miidhuu fi maashaaleen
keenya akka garmalee kottoonfatan kan godhuu dha. Maashaaleen keenya yoo garmalee kottoonfatan
socho’uu, harganuu, nyaata liqimsuu fi kkf ni dhorku/hanqisu.
Baakteeriyaan dhibee kana fidu addunyaa mara irratti kan argamu yoo ta’u, yeroo hedduu biyyee,
dhoqqee loowwanii fi darbee darbee bobbaa namaa keessattis ni argama. Baakteeriyaan kuni haala ykn
naannoo tokko tokko keessatti waggootaaf jiraachuu danda’a. Gosni baakteeriyaa kanaa jiraachuuf
oksijinii hin barbaadu.Madaa baay'ee gadi fagoo ta'e keessattis garmalee wal horuu danda'a.

Ceesisa

. Madaan akka dhibeen boquu gogsaa uumamuuf mijaa’aa ta’an kan akka madaa
• Hidda handhuuraa ijoolle reefuu dhalattuu
• waraansaa gadi fagoo
• Abidaan gubamuu
• Keessoon gadameessaa da’umsaan ykn erga irraa bahee booda baqaaqsanii yaaluu
YKN madaa Kan biroo kamiinuu uumamuu danda'a.
Dhibeen Tetaanasii yeroo hedduu namoota talaallii dhibee kanaaf kennamu hin fudhatin irratti mul’ata.
Haa ta’u malee namoota talaallii dhibee kanaa guutummaan guutuutti hin fudhanne irrattis ni mul’ata.
Biyyoota guddatan keessatti sababa talaalliin dhibee kanaa seeraan kennamuuf ykn kennamaa tureef
dhibeen tetaanasii akkaan/haalaan hir’ateera. Fkn: biyya Ameerikaa keessatti bara 2001 hanga 2008 tti
namootni dhibee kanaan qabaman 233 qofa turan. Sababa yaaliin olaanaan biyya sanatti kennamuu
danda’uuf carraan fayyuu namoota kanaa kan biyya keenyaarra olaanaa dha.
Ceesisa
Biyya keenyatti qorannoon ifa gochuu baatus dhukkubsattoonni Tetaanasii daran hedduu dha. Namootni
yaalii osoo hin argatin dhibee kanaan lubbuun isaanii darbus tokko lama miti.Fakkeenyaaf,Akka
qoranoon waggaa darbe dhaabbata faawundeeshenii kunuunsa fayyaa addunyaa kooriyaa (KOFIH)n
Goodina Jimmaatti qoratame tokko agarsiisutti haadholiin 16.8% ta’an kittibaata tetaanosii tasumaa
kan hinfudhanne yoo ta’u, 0.9% kan ta’an ammoo tasumaa waa’ee kittibaata tetaanosii hinbeekan jedha.
. Kittibaanni tetaanosii dubartootaf utuu hin heeruminis ta'e heerumanii mana baruumsaatti fi yeroo
hordoffi tajaajila da’umsaan duraa fudhachuun bu’aa heddu haadhaafis ta’e mucaa reefuu dhalatuuf
qaba.
Ceesisa
Wantootni dhibee teetaanosiif nama saaxilan:
– madaa waan qara qabuun uumame,
– infeekshinii baakteeriyaa kan biraan uumame,
– tishuu dhiiga ykn soorata gahaa dhabuun hubame/miidhame fi KKF'n ta'uu danda'a. …..
Haalli dhibeen kun itti dhufu:
Baakteeriyaan dhibee kana fidu yoo gogaa banaa jiru wajjin walquunname dha. Bakka madaan jiru faa
dha. Madaa yoo jennu waan balaatiin dhufe, waan balaa ibiddaan waan ciniinnaa bineensaa ykn ciniinnaa
namaan uumame ta’uu danda’a.
Yeroo da’umsaa daa’imni yoo meeshaa qulqullina hin qabneen handhuuramtu baakteeriyaan dhibee
Tetaanasii fidu karaa hidha handhuuraa seenuun daa’imni sun akka dhibee kanaan qabamtu godha ,Inni
kun biyyoota guddatan keessatti hin mul’atu.
Bakki madaa sanaa ykn bakki baakteeriyaan sun itti qaama seenu turtii dhibeen sun itti mul’atu
murteessa. Turtii dhibeen kun itti mul’atu kan murteessu fageenya bakki madaa sanaa sammuu irraa qabu
dha. Fkn: yoo bakki madaa sanaa gara sammuutti dhihaate dhibeen sun dafee mul’ata, yoo makki madaa
sanaa mataa ykn sammuu irraa fagaate dhibeen sun dafee hin mul’atu. Madaan yeroo baay’ee miilarratti
uumama, mismaarri ykn wanti qara qabu yeroo baay’ee miilla argata. Namootni keenyas miilla qullaas
waan deemaniif yeroo baay’ee madaa miilaaf saaxilamu.
Ceesisa
Akkuman armaan olitti ibsuuf yaale, bakki madaa miilarra yoo ta’u dhibeen sun turtii booda mul’ata
jechuu dha. Madaa sanayyuu irraanfachuu ykn dagachuu malu Bakki madaa ykn bakki baakteeriyaan
seene fuularra yoo ta’e immoo nama sanarratti dhibeen Tetaanasii turtii torban tokkoo gaditti ykn dafee
mul’ata.
Wanti kanarraa adda ta’u, dhukkubsattoonni dhibee kanaa kan dhibbeentaa 15 hanga 25 ta’an madaa
yeroo dhihoo ofirraa qabaachuu dhiisuu isaaniiti. Madaan biyyeetiin faalamee fi madaan sibiilota
danda’aniin uumame immoo akkaan balaafamaa dha.
Mallattoolee dhibee Tetaanasii:
Mallattoon inni duraa boquu haqaaqsuu ykn jallisuu dha.
– Afaan ykn madabii ilkaanii gargar banuu dadhabuu
– Nyaata liqimsuu dadhabuu
– Maashaan fuulaa garmalee kottoonfachuu irraa kan ka’e ilkaan dhokfachuu dadhabuu/kolfa saree nama
fakkeessuu.
– Maashaaleen mormaa,gateettii fi dugdaa garmalee kottoonfachuu ykn goguu
– Duubatti cillaakfachuu ykn keessatti goophachuu
– qaamni darbee darbee walitti bubbutamuu; innis yeroo namni sun socho’u itti cimuu.
– Bakka maashaan qaama walitti bututti dhukkubbiin dhaga'amuu….
Ceesisa
Dhibeen Tetaanasii bakka murtaa’aa qofa, mormaa ol qofa, akkasumas guutummaa qaamaa dhuunfachuu
danda’a.
Sababaa hin beekamneen dhibeen Tetaanasii yeroo sochii, bakka sagaleen ykn wacni jiruttii fi bakka ifni
jirutti cimina horata/namatti cima.. Kanaafuu dhukkubsattoonni dhibee kanaan saaxilaman bakka
dukkanaa fitasgabbii qabu akka ciisan gochuun baroodha.
Dhibeen Tetaanasii gaggabdoo ykn of wallaalchisuu hin fidu. Dhukkubsataan Tetaanasii of beeka jechuu
dha. Harkii fi miillis yeroo baay’ee nagaa dha. Sababni isaas summiin baakteeriyaa dhibee kana fiduu
gara sammuu seenuu waan hin dandeenyeef.
Ittisa dhibee Tetaanasii:– Kophee godhachuun balaa miilla keenyarra gahu hir’isuu/ittisuu
– yoo qaamni keenya madaa'e, yoo sibiilotni daanda’an nu waraanaan mana yaalaa deemuu
– wayita hordoffii ulfaa talaallii dhibee Tetaanasii fudhachuu
– Ijoollee seeraan talaalchisuu
– manatti ykn bakka qulqullina hin qabnetti da'uu dhiisuu – daa’imni dhalatu/ttu dhibee Tetaanasiif akka
hin saaxilamne
– yoo mallattoon dhibee Tetaanasii mul’ate dafanii mana yaalaa ykn bakka yaaliin dhibee kanaa itti
kennamuu danda’u deemuu.
Walumaa galatti kittibaata tetaanosii kellaa fayyaa, buufata fayyaa fi hospitaala
kamiyyuu argachuun ni danda'ama. Dubartiin umriin isaanii waggaa 15 fi 45 gidduu
jiran hundi kittibaata tetaanosii al shan fudhacuun mucaan reefuu dhalattu/tu akka
dhibee tetaanosiin hin qabamne gochuun ni danda'ama. Torban qophii biraatiin hanga
deebinutti rabbi nama torbanii nu haa taasisu kan isiniin jennu Ana------------fi Anis
---------turre. Horaa bulaa!!!

5. Qophii da’umsaa fi rakkoolee da’umsaan wal qabatanii dhufuu danda’aniif of qopheessuu


Kaayyoon barbaachisummaa tooftaa kanaa haadholiinii fi daa’imman reefuu dhalatan tajaajila
ogeessa fayyaa yeroodhaan akka argatan jajjabeessuufi dursanii of qopheessun tajaajila kana
arguchuuf hudhaalee quunnaman hir’isuufi. Kunis kan ibsamuu danda’u, fooyinsa fayyadama
tajaajila Fayyaa maatiifi daa’ima reefuu dhalattuu da’umsaaf qopha’uufi rakkoolee isaan
walqabatanii dhufuu danda’aniif of qopheessun hudhalee sadan mudatan hir’isuun yoo
danda’ameedha. Hudhaaleen sadan kanneenis:
Akka harkifannaa duraatti kan ibsame, tajaajilamtuun ykn haati ulfoofte tokko ykn maatiinshee tajaajila
dahumsaa dhaabbilee fayyaatti kennamu argachuuf murteeffachuu dhabuuti. Harkifannaan duraa kun
ammoo kan dhufu rakkoo ilaalchaa qaamolee tajaajilicha argachuuf murteeffachuu qabaniirraa kan
maddu akka ta’e ragaaleen garaagaraa ni ibsu.

Hudhaan ilaalchaa harkifannaa tokkoffaaf sababa ta’e kunmataansaa kallattii lamaan ifuu akka
danda’u ibsameera. Inni duraa, tajaajilli dahumsaan duraa fi boodaa rakkoo fayyaa haadholii mudatu
furuuf meeshaa olaanaa ta’uusaa beekuu dhabuurraa kan ka’e rakkoo hubannoo mudateen
murteeffachuu dhabuudha. Inni biraan ammoo dhiibbaa barmaatileen miidhaa geessisan fidanii
dhufaniif dursa kennuun barumsaafi beekumsa naannoo fayyaatti kennamuuf gurra kennuu dhabuurraa
kan ka’e murteeffachuu dhabuun akka mul’atu qorannoon yeroo garaagaraa qaamolee dhaabbata
fayyaamootummaa fi miti-mootummaan gaggeeffamaa ture tokko tokko ni addeessa.

Ceesisa
Ilaalchonni kanneen akka haadholiin kanaan duras manatti dahaa yammuu turan waan ta’an hin qaban,
dhaabbileen fayyaa akka mana ofiitti dahumsaaf hin mijaa’u, ogeessota harkatti tajaajilamuu
sodaachuufi kan biroon harkifannaa tokkoffaaf sababoota kaa’aniidha. Kanuma fana dhimmi ilaalamu,
gara dhaabbata fayyaa deemuun tajaajila dahumsaan duraafi boodaa argachuuf murteeffachuurratti
sodaa abbootii warraasaaniiirraa kan ka’e murteeffachuu dhabuun akka jiru qorannoon dhaabbilee
fayyaa idila addunyaa mirkaneesseera.

Ceesisa

Harkifannaa lammaffaan yoo ibsamu, haati ykn maatiin tajaajila dahumsaa dhaabbilee fayyaa keessatti
kennamu fayyadamuuf erga murteeffattee booda turtii sababii adda addaatiin dhaabbilee fayyaa
tajaajila kana kennuu danda’an bira gahuuf uumamuudha. Harkifannaan kun ammoo irra guddeessa
sababa hudhaa dhiyeessiitiin kan uumamu ta’us, hudhaan ilaalchaas gumaacha ofiisaa qaba.

• Hudhaalee ilaalchaafi dandeettii harkifannaa lammaffaa kenniinsa tajaajila dahumsaa dhaabbilee


fayyaa keessatti kennamuu ta’an akkamiin ibsamu?

Haati ykn maatiin haadha ulfaa tokko tajaajila dhaabbata fayyaatti kennamu argachuuf murteeffatanii
yeroo manaa bahan dhaabbata itti tajaajilichi kennamu dhiyootti argachuun, karaan gara
dhaabbatichaatti geessu mijaawaa ta’uufi dhiyeessiin barbaachisoo ta’an argamuu danda’uun fedhii
isaan tajaajilamuuf qaban dabaluufiin cinatti, baasiisaanii hir’isaaf. Kana ta’uu baannaan baasiin
geejjibaafis ta’e tajaajilicha argachuuf ba’u waan dabaluuf yaaddoo guddaa uumuun isaa hin oolu.

Ceesisa

Itti dabaluunis, sirni ol-ergiinsa haadholii tajaajila addaa barbaadanii kanneen akka baqaqsanii
deessisuufi tajaajila dhiiga argachuu harkifataa ta’uurra kan ka’e haadholii ulfaarra hubaatiin fayyaa
ga’uu danda’us guddaadha. Hudhaan ilaalchaa bakka kanatti mul’atu yammuu ilaalamu, tooftaalee
addaa qopheessuun Haadholii ciniinsifatan bifa eeggannaa qabuun dhaabbata fayyaan gahuu
danda’uun isa tokko.

Ragaan hojimaata tajaajila dahumsaa dhaabbilee fayyaa keessattii kun harkifannaa sadaffaadha
jechuun kan kaa’e, haati tajaajila dahumsaa argachuu barbaaddee dhaabbata fayyaa erga geessee
booda, tajaajila gahumsa qabu kennuuf harkifannaa dhaabbaticha keessatti quunnamuudha. Karaa
tokkoonis ta’e karaa biraatiin sababoota harkifannaa sadaffaati jedhamanii kan ibsaman hudhaalee
ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessiin kan xaxaman ta’uu hubachuun ni danda’ama.

Ceesisa
Sababoonni kanneen: Oogeessi fayyaa tajaajila si’ataa kennuuf rincicuu ykn harkifachuufi naamuusa
ga’aa ta’e dhabuu kan jedhu fudhannee yoo ilaalle, osoo ogummaa ga’aa ittiin tajaajiluu danda’u qabuu
ilaalchaan xaxaxamuurraa kan ka’e tajaajila barbaachisu kennuu dhabuu fi sababa dandeettii ga’aa hin
qabneef harkifachuun mul’achuu akka danda’u ibsama/ni dubbatama.. Ogeessonni fayyaa dandeettii
hojicha hojjechuuf barbaachisu gonfachuu dhabuun ofiinsaa tajaajila kennamu harkifachiisuun garasitti
balaas geessisuu akka danda’us waan beekameef sadarkaan tajaajlaa ba’eefii akka hordofaman
qajeelfamoonni fayyaa garaagaraa kan ibsan. Gama biraatiin rakkoon naamuusaa yammuu ilaalamu,
ogeessonni qajeelfamoota fayyaaf bitamuufi naamuusa ogummichi gaafatuuf amanamuu dhabuurraa kan
ka’e dhaabbata keessatti tajaajila kennuu qaban keessaa dhabamuun dhibamuu haadholii ulfaaf sababa
akka ta’uu danda’aanis waltajjiiwwan garaagaraa adeemsifammaa ture irraa hubachuun salphaadha.
Kun mataansaa ilaalcha faayidaa dhuunfaaf dursa kennuufi ofittummaarraas akka maddutu himama.

Ceesisa

Qabxiilee ani olitti isinitti himeen alattis, dhaabbata fayyaa keessatti osoo ogeessi tajaajila barbaachisu
kennuu danda’u jiruu sababa hanqina qorichaan, meeshaalee yaalaan, tajaajila bishaaniifi ibsaa
eleektirikaa dhabuutiin rakkoon uumamuu danda’a.

• Hudhaalee gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessiin mul’atan furuun hanqinoota kenniinsa tajaajila da-
humsaa dhaabbilee fayyaa keessatti fooy’essuuf maaltu hojjetame, maaltus hafa isa jedhuuf?

“Haadha wal’aanuun maatii wal’anuudha” jedhamee akkuma dubbatamu, tarsiimoon paakeejiin


ekisteenshinii fayyaa sagantaalee 16 of keessaa qabu baafatee hojiirra oolchuusaatiin haadholiifi
daa’imman %70 qaamolee hawaasaa ta’an daran fayyadamoo ta’aniiru. Hojiirra oolmaa tarsiimichaa
ariifachiisuuf gurmaa’insaa fi raayyaa misoomaa damee dubartootaatti fayyadamuun tarsiimoo muuxan-
noo gaggaarii babal’isuun hojjetamaa akka turee fi jirus ni ibsama.

Kanaafuu dubartiin ulfaa tokkoofi maatiin ishee karoora itti aanan kunniin karoorfatanii hordofuu qabu:

Ceesisa

Ciniinsuun dura dursaatii meeshaalee armaan gadii qopheeffadhaatii haatii fi daa’imni dhalattu
dhukkubaaf akka hin saaxilamne taasisaa:-
-Saamunaa fi bishaan qulqulluu kan deessiftuun harka ittiin dhiqattu,
-Handhuura handhuurtuuf kirrii ykn jirbii bishaan ho’aan affeelamee fi millaacii/shiggiree haaraa,
-qaama daa’ima dhalatee ittiin qoorsuu fi itti maruuf kan gargaaru uffata/kafana lama,akkasumas
kooffiyyaa fi kaalsii miila daa’ima dhalattutti ka’amu qopheessuu
-bakka de’umsaaf mijatuu hafata qulqulluu irratti de’uuf ta’u qopheessuu,
-Yeroo ciniinsuu ykn de’umsaa rakkoon akka tasaa uumamuu waan danda’uuf ,geejjiba,namoota
isin gargaaran akkasumas qarshii baasii adda addaatiif isin gargaaruu danda’u yeroodhaan
qopheeffadhaa,
-Haati ulfaa dhaabbata fayyaa keessatti Oogessota fayyaan gargaaramtee akka deessu taasisaa,
-Oogessa fayyaa haadha deessisuun ala, nama biraa daa’ima dhalatu ykn dhalattu qabuu fi
kunuunsuu danda’u qopheessaa
 Akka tasaa yoo dubartiin ulfaa tokko gargaarsa oogessa fayyaan ala mana isheetti deesse
yoo ta’e , de’umsaan booda tajaajila eegumsa fayyaa akka argattuuf hojjettuu eksteenshinii
fayyaatti hatattamaan beeksisaaa,

6. Dhaabbata fayyaatti da’uufi faayidaa isaa

Guddina biyya tokkootiif wantoota barbaachisan keessaa inni angafa ta’ee fi barbaachisaan ummata
ta’uun beekamaadha,beekamuus qaba. Ummanni humna isa guddaa biyya misoomsuufi guddisuudha.
Ummanni hojii garaa garaa hojjatee guddina biyyasaatiif gumaacha irraa eegamu bahachuu kandanda’u
garuu yoo fayyaansaa eeggameedha. . Fayyaan bu'ura jireenya dhala namaati.

Ceesisa
Akka ragaan dhaabbata fayyaa Addunyaa mul'isutti ALAtti bara 2015 keessa haadholiin 830 yaalamanii
utuu fayyuu danda'anii yaalamuu dhabuun da'umsa irratti guyyaattii ni du'uu jedha. Kunis addunyaa kana
irraa waggaatti haadhooliin kumni 300 ol lubbuun isaanii akka darbu ragaan kun ni mirkaneessa. Akka
tilmaama ragaa kanattii harki 99 biyyoota guddataa jiran keessatti ta'uu isaa ibsa.Biyyi keenya ammo
biyyoota guddataa jiran keessaa ishee tokkoodha.
Godina Jimmaattii haadhooliin kuma 500 oltu jira jedhamee tilmaama. kana kessaas kumni 113 ni da'u
ykn kan da’uu danda’aniidha.jedhama. Hadhooliin kuma 50mni buufata fayyaatti ni da'u jedhamee kan
yaadaman keessaa kumni 47 buufata fayyaatti da'aniiru. kanaafuu harki 84 olmilka'ameera. Jechuudhaan
Itti gaafatamaan waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa obbo kunuuz Hajii dubbataaniiru.
Akka qorannoon faawondeeshiini kununsa fayyaa addunyaa Kooriyaa godina jimmaa keessatti
gaggeeffamee ture tokko akka ibsuutti, haadholiin dhibbantaa 50 ta’an manatti kan da’aan yoo ta’u
dhibbantaa 48 kanta’an ammoo harka ogeessa fayyaan da’aniiru kan jedhu qorannoo bara darbe
gaggeesseen tilmaamuu danda’eera.
Ceesisa
Hawaasni fayyaansaa mirkanaa'e hojii gosa kamiiyyuu gahuumsa olaanaadhaan raawwachuudhaaf wanti
isa dhoorku hin jiru. Hawaasni bu'ura cimaa kan qabaatu ammoo yemmuu fayyaa haadholiifi daa'immanii
keessummattuu haadholiirratti xiyyeeffatamee hojjatameedha.
Kana raawwachuufis Jiraachuun Dhaabbata fayyaa ga’aa ta’ee fi qulqulinni isaa eegamaa ta’e
barbaachisaa akka ta’e jala muramee beekamuu qaba.Innis Ogessa fayyaa leenji’een guutamee tajaajila
barbaachisaa ta’ee fi qulqullina isaa eeggate yoo kan kennu ta’eedha. Haadholiin Yeroo ulfaa, yeroo
da’umsaa, akkasumas yeroo da’umsa boodaa harka ogeessa fayyaan ilaalamuun/yaalamuun fayyaa fi
lubbuun jiraachuu daa’imaa fii haadhaaf baay’ee murteessaadha.
Mala ittisaa bu’uraan fayyadamuun, ciiniinsuu sirriitti hordofuun akkasumas rakkolee isaan walqabatanii
dhufuu danda’an yeroodhaan yaaluun ykn yaalamuun rakkoolee da’umsaan walqabatanii dhufaniif du’a
daa’ima yeroo da’umsaa mudatu ittisuun ykn salphisuun ni danda’ama.

Ceesisa

Gargaarsa kununsaa yeroo ciniinsuufi da’umsaa dubartii ulfaaf kennamuu


Waliin haasa’uu/mariachuu
 Akka dhaabbata fayya geesseen simannaa ho’aa taasiisuufii.

 Walquunnamtii ykn waliif galtee gaariin hojjettoota wajjin akka uumamuu mirkaneessuu

 Yaalii kennamu hunda ibsuufi, hayyama gaafachuufi waantota qorannoon argaman waliin
mar’achuu

 Waa’ee sadrakaa ciininsuun irra ga’ee yeroo yerootti itti himuu.

 Ciniinsuu irraa nagaan hiikamuu akka dandeessu itti himuun jajjabeessuu.

 Mirga dhuunfaa ishee kabajuufii mirkanessuu.

Yoo vaayresiin HIV dhiiga ishee keessa jirate, waanta isheen nama duukkaa jirutti/aanteetti himtee
eeguufi barbaachisa.
Haala qulqulinaa
 Qulqina qaama haadhaafi nannoo ishee mirkanessuu:
 Dubartiin ulfi akka ciniinsuun jalqabeen akka qaama dhiqattu jajjabeessuu
 Sadarkaa ciniinsuun irra ga’e baruuf qorannoo qaama geggeessuun dura qaama wal-hormaatafii
naannoo isaa dhiquun barbaachisaadha.
 Namni qorannoo qaamaa taasisu harka isaa bishaniifi saamunaan yeroo mara dhiqachuu qaba.
 Qulqulinni bakka haati itti ciiniinfattuufi itti deessu mirkanaa’uu qaba.
 Yoo dhiigni ykn bishaan gubbee waantota nannoo da’umsaa jiran irratti faca’e ariitiin michamuu
qaba.
 Sosochii mirkaneessuuf :
 Dubartiin ulfi yeroo sadarkaa ciiniinsuu jalqabaa irra jirtu akka barbaadde waliif-gadi
socho’uu waan dandeessuuf jajjabeessuun barbaachisaadha.

 Haalli dubartiin ulfi ittiin da’uuf filatte eegamuufii qaba. (kunisquphanuu, ciisuu ykn
jilbeenfachuu) keessaa kan isheef mijate filachuu akka dandeessu jajjabeessuu.
 Dubartiin ulfi daddaftee akka booloftu/fincooftu jajjabeesuun barbaachisaadha. Kunis Sa’atii lama
lamaan yaadachiisuun ni gorfama.
Ceesisa
Nyaachuufii dhuguu,
o Dimshaashumatti nyaata dhangal’aa kan akka shaayii fi cuunfaa akka fudhattu
jajjabessuun gaarii ta’a.nyaati jajjabaan hin hiyyamamu.
o Yoo dubartiin ulfi garmalee qalloo ykn huuqqattuu taate nyaata dhangala’aa fudhachuu
ishee mirkaneessuun barbaachisaadha.

Tooftaa afuura itti baafattu


 Haala afuura baafannaa ofii ishee akka hubattu gorsuu.

 Yeroo afuura baafattu mara akka hindhiphanne gargaaruu

 Yoo joonjiin itti dhaga’ame suuta suuta afuura baafachuu qabdi.


Dhukkubbiifi quuqqaa hiri’isuuf

 Iddoo ykn cinaacha akka jijjiirrattu deeggeruu

 Haala itti toleen akka sosochootu gargaaruu


Gargaarsa nama itti siquu/maatii/aantee /abbaa mana argachuu
 Dubartiin ulfi yeroo ciniinsuufi da’umsaa,nama itti siqu filattee ishee waliin akka turan gochuu
dandeessi.
Namni ishee waliin ta’uuf filatamee ishee akk deeggeru haalli mijachuufi qaba.
Yeroo ulfaa kamiyuu balaan tasaa mudachuu waan danda’uuf dubartoonni ulfaa hundinuu dhaabbata
fayyaatti da’uu qabu. Manatti da’uurra ogeessa leenji’een dhaabbilee fayyaatti da’uun faayidaa inni qabu
guddaa waan ta’eef wayita ulfi garaatti uumamee kaasee hanga da’umsaatti, akkasumas da’umsaan booda
haadholiin gara kellaa fayyaafi buufata fayyaa naannoo isaanitti deemanii marsaa jalqabaatii hanga
marsaa dhumaatti fayyadamoo yoo ta’an rakkoon gama kanaan isaanitti dhufu dachaan furamuu ni
danda’a.

Da’umsaan walqabatee rakkoolee mudachuu danda’an dursanii tilmaamuun rakkisaa waan ta’eef
qabxiilee kanaa oliitti isiniitti himuu yaalle cinatti yeroo hundumaa mana yaalaatti da’uu amaleeffachuun
baroo dha. Sababaan isaas manni yaalaa ogeessa fayyaa barbarbaachisaa ta’e, qorichaa fi meshalee
da’umsaaf barbaachiisan ga’aa ta’e qabaachuu danda’a.yoo humnaa olta’ees gara sadarkaa olaanaatti ol
erguu dada’a waan ta’eef mana yaalaatti da’uun murteessaa fi filatamaadha. Kanaafuu, haati tokkollee
mana keessatti da’uun lubbuushee akka hin-dhabne qaamoleen hundinuu itti haa dirmannuun
dhaamsa qophichaati.Qophiin keenya har’aa asuma irratti goolaba. Horaa bulaa!!!

7. Hordoffii da’umsaan boodaa


Haati tokko erga obbaatii ofkaltee booda kan jiru sa’atiin tokko fayyaa hadhaafis ta’e kan da’ima
reefuu dhalatuuf baa’yee murtessaadha. Guyyotaafi torban murta’oon itti aananillee akkasuma
nageenya haadhaafi da’imaf heddu murteesssoodha. Du’i haadholiifi da’imanii hedduun yeroo
kana keessatti kan raaawatus laayyoo miti., kununsi yeroo kana keessatti kennamuu qabus yeroo
baay’ee dagatamaadha.

Haati tokko yoo buufata fayyaan alatti mana isheetti deesse yoo ta’e ,erga deessee sa’a meeqa
keessatti mana yaalaatii ba’uu qabdi isa jedhuuf?

Haati tokko Da’umsa rakkoo malee haaluma umaamaan yoo deesse sa’a 24 booda gara manaa
deemu dendeessi.

Deddeebii fi yeroo hordoffii da’umsa boodaa

Da’umsi kan geggeeffame dhaabbata fayyaa keessatti yoo ta’e haadhaafi da’imni reefuu
dhalate/tte achumatti sa’a 24 f hordofamuu qabu.

Da’umsri kan raawwate manatti yoo ta’e ammoo, hordoffiin da’umsa boodaa inni jalqabaa yoo
danda’ame sa’a 24 keessatti ta’uu qaba.

-Yoo xiqqaate daa’imni dhalatee guyyaa tokkoof(saa’aa 24f) qaama daa’imaa utuu hin dhiqin turaa.
Kunis daa’ima fayya qabeessa akka ta’uu fi hoo’inni qaama isaa akka eegamuuf gargaara.

- Handhuura daa’imaa waan adda addaa kan akka dhadhaa, faltii (dhoqqee) loonii, daaraa,dibata
adda addaa fi kkf hin dibinaa.

Kunis daa’imni keessan dhukkuba adda addaa kan akka teetaanosii (baqoo gogsaa) tiin akka hin
qabamne ittisa.

Yoo xiqqaate hordooffiin dabalataa si’a sadii taasifamuu akka qabu oogessota fayyaatiin
gorsama.Kanaafuu Tajaajila da'umsa boodaa guyyuma deessan irraa jalqabuun hojjettuu
ekisteenshinii fayyaa irraa argadhaa.

Kunis kan ta’uu qabu gaafa guyyaa jalqabaa, 3ffaa, 7ffaa fi torbaan 6ffaati.Jechuunis, Hodoffiin
jalqabaa guyyaa 3ffaa irraa kaasee (sa’a 48-72tti),Hordoffiin lammataa guyyoota 7-14 gidduuttii fi inni
da’umsa boodaa ammoo turban 6ffaa irraa kaaseeti jechuu dha.

Hordoffii da’umsa boodaa mana dhaquun keennamu

Da’umsa booda turban tokko keessatti mana dhaquun haadhaafi daa’ima hordofuun ni gorsama.
Kunis kan ta’uu danda’u hojjettoota eksteenshinii fayyaatiin ykn Oogessa fayyaatiin ta’uu akka
qabu dagatamuu hin qabu.

Tajaajiloota yeroo hordoffii da’umsa boodaa kennaman keessaa isaan muraasaa fi barbaachisoo
ta’an akka itti aanu kanatti isinitti himuu yaalla:

Haala fayyaa daa’ima reefuu dhalatu hubachuu:-

Yeroo hordooffiin godhamu keessatti mallattooleen kanatti aananii tarreeffaman hubatamuu qabu,
mallattoolee kunniin keessaas tooko jiraannaan da’imni sun sirriitti qoratamee yaalamuu qaba. Kanaafuu
- mallattoolee kanatti aananii jiran keessaa tokkollee taanaan daa’ima reefuu dualatte/te irratti yoo
muldhate hatattamaan gara dhaabbata fayyaa qabadhaa deemaa.

- Harmaa hodhuu/luuguu yoo dadhabe

- daa’ima ni bubuta, ni holla chiisa yoo ta’e

-hafuura baafachuu ni dadhaba, ni aada, ykn dafee dafee hafuura baafata yoo ta’e

-gubaa qaamaa cimaa ykn qaamni daa’imaa yoo diillallaa’e/qabbanaa’e

Daa’mni yoo of wallaale ykn bay’ee kan dadhabe yoo tuqanis kan hin sochoone yoo ta;e
yeroo afuura baafatu qomnii isaa garmalee gadi caba/gadi dhooqa yoo ta’e,

sirrittii burraaquu baannaan/dadhaba yoo ta’e,

ho’i qaama isaa yoo dabale ykn yoo gadi bu’ee, bifi isaa yoo bifa keelloo ta’e (iji, bar’uun harkaa ykn
miillaa)

-Handhuurri daa’imaa ni dhiiga, ni diimata,ykn ni mala’a yoo ta’ee fi kan kana fakkaatan yoo
daa’ima reefuu dhalatte irratti argamnaan hatattamaan gara dhaabbata fayyaa qabadhaa deemaa

Bakka hiddi handhuuraa irraa cite kununsuu:-

Bakki hiddi handhuuraa irraa cite yeroo hundaa qulqulluufii qooraa ta’uu qaba. - Handhuurrii
daa’imaa qarabaa (millaaccii/ shiggiree) haaraan handhuuramuu fi kirrii (fo’aa ykn jirbii)
affeelameen guduunfamuu ykn hidhamuu isaa mirkaneefadhaa .Kunis du’I daa’imman kichuu
akka xiqatuuf gumaachi isaa guddaadha.

Tajaajiloota kanneen biroo daa’imman reefuu dhalatuuf/ttuuf kennamuu qaban:-

Qaama daa’ima dhiquun sa’a 24 booda ta’u qaba. Yoo haala aadaan walqabatee kun hin ta’u ta’e
yoo xiqqaate dhalatee sa’a 6 booda ta’uu qaba.

Akkuma daa’imni dhalateen gochalee kunniin raawwachuudhaan daa’ima dhukkubaa fi du’a irraa
baraaaraa.
- Daa’ima reefu dhalate/tte tuttuquun dura harka keessan bishaaniii fi saamunaadhaan sirriitti
dhiqadhaa. Kunis dhukkuboota/dhibbee daa’ima reefu dhalate/tte faaluu danda’an irraa ittisuuf
gargaara.

Huccuu haala qilleensa naannoo jiruun walsimatuun maruu/uffisuu barbaachisa. - daa’ima


dhalate/tte akka qabbanni (Qorrii) hin Xuqneef (dhoofneef) wayyaa qulqulluu tokkoon qaama
daa’imaa sirriitti qoorsuudhaan, wayyaa qulqulluu kan biraatiin sirriitti maruun
barbaachisaadha. Mataa daa’imaa irra koofiiyyaa (gonfoo), milla isaatti /isheetti immoo
kaalsii shurraabii furdaa itti tolchaa ykn kaayaa. Kana booda gara qaama (nafa) keessanitti
maxxansuudhaan hammadhaa Kunis yoo haalli qilleensaa qorraa ykn ho’aa ta’e haala sanaan
walsimsiisuun itti uwwisuu jechuudha.Haati daa’ima ishee waliin yeroo hundaa kutaa tokko
keessa waliin turuu qabdi.
Daa’imti Haadhaa waliin taphacuun battalulumaan jalqabuu barbaachisa.

Haala sagantaa talaallii bayyattiin talaalliin barbaachisu kennamuu ykn hordofsiifamuun


dagatamuu hin qabu.

Daa’imman ji’i utuu hinguutin dhalatanii fi kan ulfaatinni qaama isaanii sadarkaa gadi aanaa ta’ee
dhalatan addaan baafamanii kunuunsa barbaachisaa ta’e argacuu qabu. -Daa’imni ulfinni qaama isaa
xiqqaa ykn otoo guyyaan dhalootaa hin gahiin dhalate yoo ta’e kunuunsa addaa waan baraachisuuf
hoo’ina qaama isaa eegaa. Harmaas dafaa dafaa hoosisaa. Hatattamaan gara dhaabbata fayyaa
dhihoo jiruutti geessaa..

Haala fayyaa haadhaa hubachuu:-

Da’umsa booda sa’a 24 jalqabaa keessatti Haadhooliin hundumtuu yoo mallattolleen akka:
dhiigni garmalee dhangala’uu yoo jiraate, jajjabina gadameessaa, ho’ina qaamaa, rukkuttaa onnee,
fi kkf irratti yoo mul’atan hatattamaan gara mana yaalaatti geessuun filatamaadha.

Dhiibbaan dhiigaa da’umsa boodaa battalumann lakka’amee yoo sirrii ta’ee sa’a ja’a booda
dabalataan lakka’amuu qaba.

Hammi fincaanii/boolii sa’a 6 duraa keessatti galmaa’uufi baramuu qaba.

Mallattoolee dhukkuba Ciccimoo Da’umsa boodaa(Sa’a 24 boodaa)

Yeroo hordofii da’umsa boodaa taasifame kessatti wantootni hubatamuu ykn xiinxalamuu qaban :
haala fayyaa waliigalaa, rakkoo boolii boola’uufi boolii ta’achuun yoo jiraate, rakkoon marrummaanii
yoo jiraate, madaan yeroo da’umsaa uumame fayyuu isaafi qulqullinni naannoo qaama walhormaataa,
mataa dhukkubbiin yoo jiraate, dhukkubbii harmaa, dhukkubbii gadameessaafi dhangala’aan addaa
yoo jiraate,akkasumas, -Ni bubuta, ni hollachiisa ykn of wallaalchisa yoo ta’e

-Gubaa Qaamaa qabdi yoo ta’e

-Dhiigni baay’een ni dhangala’a yoo ta’e

-Dhangala’an gadaameessaa foolii addaa ykn hin tolle qaba yoo ta’e

-Bowwoo (dhukkubbii mataa)cimaa fi hurrii ija irratti ni mara yoo ta’e hatattamaan gara dhaabbata
fayyaa geessaa. Kunis haadha sana du’a irraa baraaruuf gargaara waan ta’eef.

Haalli harma hoosisuu hubatamuu qaba.


-Daa’imni akkuma dhalateen harma laadhaafii ykn hoosisaa. Amma oofkaltiin (obbaatiin) ba’utti hin
eeginaa.

Kunis aannan harmaa akka gaaritti akka ba’uuf (mirgisuu) fi daa’imni keessan fayya qabeessa ta’ee
akka guddatuuf gargaara. Akka ofkaltin dafee ba’us ni gargaara.

- Aannan isa jalqabaa ykn silga daa’ima keessan battalumatti hoosisaa. Kunis daa’ima keessan
dhukkuba adda addaa irraa ittisuuf gargaara.

Harmeen garaatti battuu nyaataaf hordoffii qofa osoo hin taane gargaarsa xiinsammuu maatiin hunduu
kennuufiin dirqama

Fayyaan miira/xiinsammuu haadholees hubatamu qaba. Gargaarsa maatiif hawaasaa isaaniif kennamuu
qoratamu qabu. Haadholiin humdumtuu akkasumas maatiin isaanii jijjiirama amalaa adda ta’ee yoo
saaxilaman Oogessa Xiinsammuu fayyatti himamuu qaba. .

Haadholiin hundumtuu sodaawwanii fi mallattoolee qoccollaa mana keessaatiif Ykn jeequmsa


garaagaraatiin akka hin dhiphanneef hubannoo fi kunuunsa barbaachisaa isaan barbaachisa.

Haadholiin hundumtu yoo gorsaafi gargaarsa barbaadan

Haadholiin hundumtu jijiirama qaamaa da’umsaan walqabatee dhufuuf haala qaami isaani ittiin
bakkatti deebi’u ilaalsisee gorsa argachuu qabu. Akkasumas rakkoowan fayyaa da’umsaan
walqabatanii mudatan kanneen akka dhiigni garmalee dhangala’uu, dhiibbaan dhiigaa akkamalee
dabaluu, ho’inni qaamaa dabaluu, dhiigni itituun/kantaruun walqabatee miilli dhiita’uu, ho’uufi
garmalee dhukkubuu, afuurii ciccituu, fi kan kana fakkaatan yoo irratti mul’atan hatattamaan gara
mana yaalaatti geessuudha.

Biyya dagaagaa jiran keessaa hanga walakkaan dubartootaa ulfa hin taanee fi hanga harka sadii keessaa
harki lama dubartoota ulfa ta’anii hir’ina albuuda sibiilaa dhanna /qaama isaanii keessaa qabu. Hir’inni
albuuda sibiilaa kun dubartoota waan dadhabsiisuuf dandeettii tajaajila dubartiin kun ofii isheetii fi
mucaa isheef qabdu hir’isa. Hir’inni albuuda sibiilaa ulfa fi hoosisa harmaa keessatti argamuu mucaa hin
dhalannee fi mucaa harma hodhu irratti balaa guddaa mullisa. Dhukkubooti beekamoon kan dendeetti
tajaajila dubartii ykn mucaa irratti dhiibbaa qaban kan akka busaa, shoorarka garaacha-marrummaanii fi
maxannee marrummaanii ti. Argamuun ykn jiraachun tajaajila fayyaa fayyaa dubartootaaf qofaa utuu hin
taane fayyaa fi nyaata ijoollee isaaniif illee baayyee murteesaadha.. Kanaafuu, tajaajila gorsaa waa’ee
nyaata madaalawaa, Waa’ee qulqullina qaamaa, keessumaa harka sirriitti dhiqachuu, Waa’ee ijoollee
wal- irraa fageessanii godhachuu fi karoora maatitti fayyadamu, Waa’ee saalquunnamtii ofeegganno
qabuu taasisuu ykn koondomii fayyadamuu,

Bakka dhukkubni busaa argamutti haadhaafi da’aimni saaphan keemikaala farra busaan cuubame jala
rafuu ,Haadholiin da’umsa booda hanga danda’ametti dafanii sosocha’uu qabaachuu,

Albuuda aayreniif foolik asiidii jedhamu dabaltaan yoo xiqaatee ji’a sadiif fudhatamuu akka qabu gad
fageenyaan gorsa oogessa fayyaa irraa argachuu qabuun dhaamsa qophii keenyaati.Waan
dhaggeeffattanii qalbeeffattaniif galatoomaa jenna.

8. Tamsa’ina HIV haadha irraa gara daa’imaatti akka hin darbine ittisuu
Addunyaa kana irra uummata vaayrasii HIV waliin jiraatan keessaa harka 40 kan ta’an vaayrasichi
qaama isaanii keessa jiraachuu hin beekan jedha Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa. Meeshaan ittiin
dhunfaan vaayrasiin HIV jiraachuu fi dhisuu isaa ittiin baran kun argamuun ammo namoonni hedduun
akka ofiin of qorataniif karaa bana kan jedhan ammoo daayreektera walii galaa kan jaarmayaa fayyaa
addunyaati, karaa biraatiinis HIV irraa fayyuun kan hin danda’amnee fi namoonni baay’een dhuma irratti
du’aaf kan saaxilamuu danda’an ta’uun isaas beekamaadha.Haa ta’u malee dhibeen kun akka namatti hin
darbineef ittisuun ni danda’ama.

HIV/AIDS fi ulfa

HIVn haadha dhibee HIV dhaan faalamte irraa gara daa’imaatti yeroo ulfaa ykn da’umsaa irratti ni
darba.  Haadha dhibeen faalamterraa gara daa’imaatti harma hoosisuunis darbuu ni danda’a.Ragaan
tamsa’ina dhibee HIV/AIDSii magaalaa fi baaddiyaan, dhalaa fi dhiiran, umriidhaan akkasumas safartuu
adda addaan qoqodamee jira. Haaluma kanaan Itoophiyaa keessatti bara 2008 baayyini namoota dhibee
HIV waliin jiraatanii gara miliyoona 1 qabxii 2 yoo ta’u ga’eessoti dhibee kana waliin jiraatan
dhibbantaa %2.2% ta’u. Oromiyaa keessatti bara 2008 namootii ga’eessota ta’an dhibee HIV/AIDSii
waliin jiraatan %1.5 dha.Sagantaan keenya har’aa kan irratti xiyyeeffatu garuu dubartiin
HIV/AIDSiin qabamte tokko yeroo ulfaa, wayita da’umsaa fi wayita harma harma hoosisuu akkamitti
daa’ima dhibee kana irraa bilisa ta’e godhchuu akka dandeessu irratti kan xiyyeeffateedha.Hanga dhuma
sagantaa kanaatti akka nu hordoftan kabajaa guddaadhaan isin afeerra.

Daddarbii haadha irraa gara daa’imaa jechuun tamsa’ina vaayresii HIV haadharraa gara daa’imaatti yeroo
ulfaa, da’umsaafi yeroo harma hoosisuu kan darbuu danda’u jechuudha.

 Ittisa daddarbii vaayresii HIV haadharra gara daa’immatti darbu jechuun immoo walitti qaba
tajaajiloota balaa daddarbii vaayresii HIV haadharra gara daa’immatti darbu xiqqisuuf kaayyefate
jechuudha.

 Daa’imman waggaa 15 gadi ta’aaniif Daddarbiin haadharraa gara daa’imaa vaayresii HIViin
qabamuuf sababa jalqabaati. Dhibbantaa 90ni isaanii kara kana qabamuudanda’u jechuudha.
 Tamsa’ina vaayresii HIV haadha irraa gara daa’imaatti akka hin darbineef ittisuun maaliif
barbaachise isa jedhuuf?
 Daddarbiin/tamsa’inni vaayresii HIV haadha irraa gara daa’imaa rakkoo guddaa fayyaa
hawaasummaa yoo ta’ullee, tajaajiloota addaa addaa hojii irra oolchuun daddarbiif dhiibbaa
vaayresiichi lubbuun jiraachuu da’immanii irraan ga’u xiqqeessun ni danda’ama.
 Balaan daddarbii qoricha farra vaayresii HIVtiin hir’achuu nidanda’a.

 Carraa ittisa bu’uuraatti fayadamuun, haadhaaf abbaa waliin gorsuun akkasumas argannaa
kununsa maatiif yeroon yaalamuun balaa isaa xiqqeessun nidanda’ama.

Wayitiiwwan daddarbiin hadharraa gara daa’imaa itti raawwatu

• Tooftaalee ittisaa fayyadamuu baannaan daa’imman hadhaa vaayresiin HIVdhiiga isaanii keessa
jiruu irraa dhalatan dhibbantaan 35tti vaayresiichi ni darba.

• Daa’imman yeroo ulfaa , yeroo da’umsaafi yeroo harma hodhan vaaresiin HIV haadha irraa
daa’imatti darbuu danda’a. Kunis dhibbantaan 15-20% yeroo ulfaa(utuu garaa haadha kessa
jiranii), dhibbantaan 50% ammoo yeroo ciininsuufi da’umsaa akkasumas dhibbantaan 33%
yeroo harma hodhan darbuu danda’a.

Haalota balaatamsa’ina vaayresii HIV haadharraa gara daa’imaatti yeroo ulfaa dabaluu
danda’ankeessaa ;

• Vaayresiin dhiiga keessa hedduminaan jiraachuu isaa,


• Daariqa haaraa ykn yoo haati erga ulfooftee booda HIViin qabamte,

• Dhukubi eedsii sadarkaa olaanarra yoo ga’eera ta’e,

• Qaamni haadhaa dhukkuba ofirraa ittisuu yoo dadhabe ykn lakkofsii CD4 baay’ee yoo
gadibu’e.,

• Yoo haati ulfi dhukkuba saalquunnamtiin daddarbu qabaatte

• Yoo haati ulfii dhukkuba busaa qabaatte

• Dubartiin ulfi nyaata ga’aa ta’e yoo hinarganne ta’e

• dubartiin ulfii hir’ina dhiigaa yoo qabaattee fi kan kana fakkaatan yeroo ulfaa dhibee HIV haalaan
akka dabalu gochuu danda’a.

Haalotni balaa daddarbii ykn tamsa’ina vaayresii HIV haadharra gara daa’imaa yeroo ciniinsuufi
da’umsaa dabaluu danda’an ammoo

• Vaayresiin dhiiga keessa hedduminaan jiraachuu

• Utuu iddoo hin ga’in/yeroon da’umsaa utuu hin ga’in dhalachuu.

• Daa’imni haala baqaqsanii yaaluun kan dhalate yoo ta’e

• Bishaan gubbee dhangala’ee sa’a afurii ol da’umsi yoo ture

• Ciniinsuun yoo garmalee dheerate/ture

• Deessisuun Meshaaleen gargaaraamun kangeggeefame yoo ta’e

• Haalota balaa daddarbiivaayresii HIVhaadharraa gara daa’imaa yeroo harma hoosisuu


dabaluu danda’an keessaa ammoo

• Harma duwwaa hoosiisuun ala utuu ji’a ja’a hin guutin nyaata dabalataa makuu

• Harma qofaa hoosisuu dhiisuu

• Yeroo dheeraaf harma hoosisuu


• Daariqaa’uu harmaa fi harmi yoo malaa godhate

• Afaan daa’imaa madaa yoo godhate ykn madaa yoo qabaate

• Haati harma hoosiftu yoo Vaayresii HIVtiin haaraa qabamte

• Dubartiin ulfi nyaata ga’aa ta’e yoo hinarganne

Tooftaalee ittiasa daddarbii vaayresii HIV haadharraa gara daa’immaatti akka hin
darbineef ykn akka hin babal’anneef gargaaran keessaa ammoo

 dubartootniifi shamarreewwan akka dhibee HIVtiin hinqabne ittisuu


 Dubartoonni HIViin dhiiga isaanii keessa jiru ulfa hinbarbaachifne irraa ittisuu
 Daddarbii haadharraa gara daa’imaa ittisuu
 Haadholiifi daa’imman HIViin qabaman kununsuufi gargaaruu

 Yeroo ammaa hadhooliin ulfa ta’an ykn hoosiisan kan HIViin dhiiga isaanii keessa jiru
hundumtuutamsa’ina vaayresii HIVhadharraa gara daa’imaa ittisuuf qorich farra HIV jalqabuu
qabu. Qorichooti gosi sadii yeroo ulfaa, yeroo da’umsaa, yeroo harma hoosiisaniifi achii boodas
umurii gutuu fudhachuu qabu.
Tamsa’ina vaayresii HIV haadha irraa gara daa’imaatti akka hin darbineef qaamoleen hundinuu
itti haa dirmannuun dhaamsa qophichaati.Qophii keenya torbaniin hanga walitti deebinutti
nagaan turaa! Horaa bulaa!!!

9. Rakkoo da’umsaan walqabetee dhufuu fi ittisa isaa


Dubartiin tokko ulfooftee turban soddomii torbaa fi turban afutamii tokko giddutti akka deessu ni
beegama . Hoodholiin hundi guyyaa kaana hawwiin eeggatu.Guuyaan da’umsaa kun haadholii kaaniif
akkuma hawwi isaanii ta’aaf ,haadholii kan biroo immo rakko adda dhiibba nageenyumma hadhaa fi
mucaa kichuu isaan mudachuu mala .

Rakkoon nageenyumma mucaa waliin walqabatee dhufu :-

 Haalli fayyumaa walii gala mucaa gadi aanaa ta’uu( bifaa mucaa bifa baratamee irra adda ta’u,
dhohannaa onnee dabaluu ykn irrachuu, birranaan daa’imma dhibamuu, daa’imminni dalatee/tte
boo’uu dhiisuu fi afuura baafachuu dhadhabuu) .
 Ulfaatini gad-aanaan dhalacuu
 Dhibee walii gala daariqaa/infekshenii waliin walqabee( Sepsis)
 Keella’uu qaama ( Jaawundisii)
 Miidhaa fi qaamaa hirrinaa yeroo da’umsaa
 Du’a kkf

Rakkoo nageenyumma karaa gama haadhaa immo

 Dhukuba jabaa
 Dhangala’uu dhiigaa (PPH)
 Tarsa’uu gadameessaa
 Dhibee ulfaan waqabatee dhufu kan akka dabaluu dhiibba dhiigaa, dhibee sukkaaraa ……
 Du’a kkf

Sababnii rakko nygeenyumma yeroo da’umsaa haadharrattis ta’e daa’imanirratti dhufu daanda’uu:-

 Sirnaan tajaajila hordoffi yeroo ulfaa hordofuu dhiisuu


 Ulfa lakkuu fi isaa olii
 Yeroo maalee/ utuu iddo hinga’iin dhalachuu mucaa
 Ciniinfuun irra turuu
 Da’umsa qulqulinni isaa hineegamin
 Rakko nyaata madaalawwaa dhabuu haadha yeroo ulfaa
 Bioshaan gubbe dhangala’ee osoo hinda’in turuu
 Ofkaltiin garaatti hafuu

Ittisa

 Sirnaan tajaajila hordoffi yeroo ulfaa hordofuu


 Gorsa ogeessi fayyaan kennamu hojirra oolchuu
 Mana yaalaa fi haraka ogeessarratti dahuu
 Da’umsa qulqulinni isaa hineegamin
10. Du’a daa’ima reefuu dhalattuu/tuu
Daa’imni keessan fayya qabeessa ta’ee guddatee bakka isin hawwitan akka isiniif gahuuf kunuunsi
warrii maatii daa’ima keessaniif taasiftan murteessaadha.

Biyya keenya keessatti akka qorannoon tokko tokko ibsanitti lakkoofsa ijoollee du’anii fi hanqina
nyaataa jiru gadi xiqqeessuuf hojiileen nama jajjabeessan hojjetamaa jiraachuu isaaniitu
ibsama.Lakkoofsi ijoollee umuriin isaanii waggaa 5 utuu hin guutin du’aniis harka 9 ta’uu isaatu
ibsama.
Du’i erga mucaan tokko dhalatee/ttee hanga guyyaa digdamii saddetii(28tii) gidduutti ta’u du’a
daa’imman reefuu dalattuu jedhama.
Haati mucaa erga hamiliin garaatti hafee/ulfooftee kaastee hanga deessutti tajaajila kunuunsa da’umsaa
duraa, yeroo da’umsaa fi da’umsa boodaa gahaa fi qulqulluu ta’ee aragachu dhabuu,Mucaan akkuma
dhalatteen/teen gargaasa hatattamaaa argachuu dhabuu irraan kan ka’e rakkoon du’aa haadhaa fi daa’ima
dhalattu irratti dhufuu danda’a.
Sababa
Du’i daa’imman reefuu dhalattu/tuu sababoota heeduun mudachuu danda’a.Fakkeenyaaf,
Utuu iddoo hin ga’in dhalachuu mucaa
Daariqa/ infekshenii mucaa kichuu
Ho’a dhabuu daa’immanii
Dhibee tetaanosii/ boquu haqaaqsaa
Mucaan uumamaan qaamaa hir’uu taatee/ta’ee dhalachuu
Ulfaatina gadaanaa (<2500gm)
Yeroo da’umsaa ukkaamfamuu mucaa
Yeroo da’umsaatti miidhaan qaamaa mudachuu fi k.k.f dha.

Ittisa
Mucaan reefuu dhalattu/tu akka tasaa akka hinduuneef maloota itti aanan fayyaadamuu qabna .
 Haalli nageenyi mucaa fi haadhaa haala akkamii irraa akkaa jiru ilaaluuf tajaajila da’umsaan duraa
mana yaalaa/ buufata fayyaatti marsaa hundumaa daddeebi’anii hordofuun, dhaabbilee fayyaatti
dahuu fi kunuunsa da’umsa boodaatti fayaadamuu
 Mana yaalaatti harka ogeessaa irratti da’u
 Battalumaa mucaan dhalateen afaan ishee qulqulleessu, uchuu ho’a laatu itti huwwisuu, haati
haammattee ho’a laachuufi, Ulfinni isaanii safaruuf, vaayitaamina” K”kennuuf , TTC” ijatti dibuufi
Akkuma daa’imni dhalateen gochalee kunniin raawwachuudhaan daa’ima dhukkubaa fi du’a irraa
baraaaraa.
- Daa’ima reefu dhalate/tte tuttuquun dura harka keessan bishaaniii fi saamunaadhaan sirriitti
dhiqadhaa.

Kunis dhukkuboota/dhibbee daa’ima reefu dhalate/tte faaluu danda’an irraa ittisuuf gargaara.

- handhuurrii daa’imaa qarabaa (millaaccii/ shiggiree) haaraan handhuuramuu fi kirrii (fo’aa ykn
jirbii) affeelameen guduunfamuu ykn hidhamuu isaa mirkaneefadhaa.

- daa’ima dhalate/tte akka qabbanni (Qorrii) hin Xuqneef (dhoofneef) wayyaa qulqulluu tokkoon
qaama daa’imaa sirriitti qoorsuudhaan, wayyaa qulqulluu kan biraatiin sirriitti maruun
barbaachisaadha. Mataa daa’imaa irra koofiiyyaa (gonfoo), milla isaatti /isheetti immoo kaalsii
shurraabii furdaa itti tolchaa ykn kaayaa. Kana booda gara qaama (nafa) keessanitti
maxxansuudhaan hammadhaa.

-Daa’imni akkuma dhalateen harma laadhaafii ykn hoosisaa. Amma oofkaltiin (obbaatiin) ba’utti hin
eeginaa.

Kunis aannan harmaa akka gaaritti akka ba’uuf (mirgisuu) fi daa’imni keessan fayya qabeessa ta’ee
akka guddatuuf gargaara. Akka ofkaltin dafee ba’us ni gargaara.

- Aannan isa jalqabaa ykn silga daa’ima keessan battalumatti hoosisaa. Kunis daa’ima keessan
dhukkuba adda addaa irraa ittisuuf gargaara.

-Yoo xiqqaate daa’imni dhalatee guyyaa tokkoof(saa’aa 24f) qaama daa’imaa utuu hin dhiqin turaa.

Kunis daa’ima fayya qabeessa akka ta’uu fi hoo’inni qaama isaa akka eegamuuf gargaara.

- Handhuura daa’imaa waan adda addaa kan akka dhadhaa, faltii (dhoqqee) loonii, daaraa,dibata
adda addaa fi kkf hin dibinaa.

Kunis daa’imni keessan dhukkuba adda addaa kan akka teetaanosii (baqoo gogsaa) tiin akka hin
qabamne ittisa.

- handhuurri daa’imaa akka hin dhiigne guyyaa guyyaan hordoffii taasisaa. Jirbiin handhuurri ittiin
hidhame yoo akka tasaa laafe/furate ykn hiikkatee ni dhiiga yoo ta’e deebisaa jabeessaa/ hidhaa ykn
guduunfaa. Hatattamaanis daa’ima gara dhaabbata fayyaa geessaa.
-Daa’imni ulfinni qaama isaa xiqqaa ykn otoo guyyaan dhalootaa hin gahiin dhalate yoo ta’e
kunuunsa addaa waan baraachisuuf hoo’ina qaama isaa eegaa. Harmaas dafaa dafaa hoosisaa.
Hatattamaan gara dhaabbata fayyaa dhihoo jiruutti geessaa

- Daa’imni keessan fayya qabeessa fi jabaa (cimaa) ta’ee akka guddatuuf hanga ji’a 6 (jahaa) tti
harma qofaa hoosisaa. Bishaanillee taanaan itti hin kenninaa.

Tajaajila da'umsa boodaa guyyuma deessan irraa jalqabuun hojjettuu ekisteenshinii fayyaa irraa
argadhaa.

Kunis kan ta’uu qabu gaafa guyyaa jalqabaa, 3ffaa, 7ffaa fi torbaan 6ffaati.

6)Mallattoolee dhukkuba ciccimoo kan daa’iman reefuu dhalatan irratti muldhachuu danda’an

- mallattoolee armaan gadii keessaa tokkollee taanaan daa’ima reefuu dualatte/te irratti yoo muldhate
hatattamaan gara dhaabbata fayyaa qabadhaa deemaa.

- Harmaa hodhuu/luuguu yoo dadhabe

- daa’ima ni bubuta, ni holla chiisa yoo ta’e

-hafuura baafachuu ni dadhaba, ni aada, ykn dafee dafee hafuura baafata yoo ta’e

-gubaa qaamaa cimaa ykn qaamni daa’imaa yoo diillallaa’e/qabbanaa’e

Daa’mni yoo of wallaale ykn bay’ee kan dadhabe yoo tuqanis kan hin sochoone yoo ta;e

-Handhuurri daa’imaa ni dhiiga, ni diimata,ykn ni mala’a yoo ta’e

hatattamaan gara dhaabbata fayyaa qabadhaa deemaa.

Mallattoolee dhukkuba Ciccimoo Da’umsa boodaa

Mallattoolee armaan gadii keessaa tokkoollee de’umsaan booda deessee irratti muldhannaan
hatattamaan gara dhaabbata fayyaa geessaa. Kunis haadha sana du’a irraa baraaruuf gargaara.

-Ni bubuta, ni hollachiisa ykno f wallaalchisa yoo ta’e

-Gubaa Qaamaa qabdi yoo ta’e

-Dhiigni baay’een ni dhangala’a yoo ta’e

-Dhangala’an gadaameessaa foolii addaa ykn hin tolle qaba yoo ta’e
-Bowwoo (dhukkubbii mataa)cimaa fi hurrii ija irratti ni mara yoo ta’e

11. Du’a ijoollee waggaa tokkoo gadii ( guyyaa 28-waggaa tokkoo)


 Du’i ijoollee umuuriin isaanii guyyaa digdamii saddetii hangaa waggaa tokko gidduu irratti ta’uu
dha.

Kun kanagarsiisu

 Haati mucaa erga hamiliin garaatti hafee/ulfooftee kaastee hanga deessutti tajaajila kunuunsa
da’umsaa duraa, da’umsaa fi da’umsa boodaa gahaa fi qulqullu ta’ee aragachu dhabuu
 Utuu umuriin isaanii ji’a jaa hingahin nyaata dabalataa laachuufi
 Yaala fayyaa yeroon argachuu dhabuu
 Qoranoon bara darbee faawundeesheenii kunuusa fayyaa addunyaa Kooriyaa(KOFIH)n zoonii
Jimmaa keessatti geggeeffamee akka agarsiisuttis tajaajilli heraman kun baayyee gadi aanaa ta’uu
agarisa

Sababa

Du’i daa’imman reefu dhalattu sababoota heeduu qabaa fakkeenyaaf kan akka

 Daariqa/ infekshenii
 Dhibee garaa kaasaa
 Mucaan uumamaan qaamaa hirru taatee dhalachuu
 Yeroo da’umsaatti miidhaan qaamaa mudachuu
 Dhibee sombaa (Pneumonia )
 Du’a battalaa (SIDS)
 Dhibee hanqina nyaataa
 Dhibee busaa
 Miidhaa qaamaa (Injury)

Ittisa

 Ijooleen waggaa tokkoo gadii akka akkasumaan hinduuneef malooto harmaan gadii fayyaadamuu
qabna
 Haalli nageenyyi mucaa fi haadhaa haala akkamii irraa akkaa jiru ilaaluuf tajaajila da’umsaan duraa
mana yaalaa/ buufata fayyaatti deddeebii hundasaa hordofuu
 Mana yaalaatti harka ogeessaa irratti da’u
 Kunuunsa da’umsa boodaa hordofuu
 Battalumaa mucaan dhalateen afaan ishee qulqulleessu, uchuu ho’a laatu itti huwwisuu, haati
haammattee ho’a laachuufi, Ulfinni isaanii safaruuf, vaayitaamina” K”kennuuf , TTC” ijatti dibuufi
 Talaallii talaalchisuu
 Nyaata dabalataa yeroo ijoollen ji’a jaha geessu qulqullina isaa fi ofii eeggatanii laachuufi
 Hanaga ji’a jahaatt harma haadha qofa hoosisu
 Akkuma mallatoolen dhukkubaa irraatti argameen gara mana yaala hatattamaan geessu
 Guddina daa’immanii hordofuu

12. Harma hoosisuu fi faayidaa isaa


Waa’ee harma hosissuu fi faaydaa qoophaa’inni harma hoosisuu kan jalaqabu yeroo da’umsaan duraati.
Yeroo hordoffii da’umsaan duraa barbaachisummaan harma hoosisuu, qabiyyee aannan harmi haadhaa
of keessaa qabuu , kununsi muchaa , akkaataa mucaa itti qabanii harmaa hoosissanii fi faayidaa nyaata
madaalamaa nyaachuu haadholiin Oogessa fayyaatiin ni gorfamu. Kun immoo hubannoo haadholiin
harma hoosisuu irratti qaban jajjabeessuuf ga'ee olaanaa qabaata.Anis qophiikoo har'aatiin gorsa Oogessi
fayyaa faayidaa harma hoosisuun daa'immanii fi haadholiif qabu ilaalchisanii dubbatan qabadhee waanan
isiniif dhihaadheef dhuma qophichaatti akka na hordoftan kabajaanan isin afeera.

Ceesisa

Harma haadhaa hoosisuun nyaata madaalawaa guddina daa’immanii fi ijjoolleef gargaaru isa
olaanaadha.Aannan harma haadhaa gosa nyaataa mucaan baati jaha jalabaa keessatti barbaadu kanneen
akka Nyaata annisaa, Nyaata qaama ijaaranii, Nyaata ho’aa laatanii fi qaama
gabbisanii,Vaayitaaminoota,Albuudotaa kkf hunda of keessaa ni qabaata.
Ceesisa

Mucaan akkuma dhalateen/tteen harma hadhaa hodhuu qabdi/qaba. Yoo baay'ate dhalattee/tee sa’a
tokko keessatti harma eegaluu qabdii/qaba.Hanga ji'a ja'a guutuutti harma haadhaa qofa hoosisuudha.
Harma haadhaa malee dursanii bishaan, dhadhaa kkf daa'ima reefuu dhalatuu/ttuuf kennuun dhibee
adda addaattiif waan saaxiluuf kennuufii hin qabdan.Harma haadha elmanii qodaattii naqanii
laachuufiinis harma hoosisuutti hin lakkawamu waan ta'eef hubachuun barbaachisaadha.Baatii jahaan
booda nyaata dabalataa dabalatee hanga wagga lamaa fi isaa olii harama haadha hoosisun guddina
daa’immaniif baay'ee fayyada waan ta'eef itti fufanii hoosisuun baroodha.

Ceesisa

Harma hoosisuun:-

Daa’immaniif:-
Gosa nyaata madalawaa hunda altokkichatti akka argataniif,
Infakshinoota garagaraa kan akka: teessisuu, Infakshinii Sombaa , gurraa fi infakshinii ujummoo
fincaanii irraa akka hin saaxilamneef,
Carraa dhibee ujjummoo nyaataa/ marrummaaniin qabamuu daa'immanii hir'isuu
Alarjii fi Asmiif akka hinsaaxilamneef,
Dhukkuba sukkaraaf akka hinsaaxilamneef
Ciminaa fi guddina lafeesaaniif,ilkaan isaaniif
Guddina fi dagaaginaa siirrii ta'e akka qabaataniif
Ija fayya buleessa akka qabaatan taasisuuf
Gogiinsa garaa irraa isaan ittisuuf
Humna dhukkuba ittisuu akka qabaataniif, akkasumas
Guddina sammuu isaaniif faayidaan harmi haadhaa daa'immaniif qabu olaanaadha.
Ceesisa

Haadholiif:-
Harma haadhaa hoosisuun haadha hoosiftuu illee faayidaa hedduu qabaata.Isaanis
Hariiroo haadhaa fi daa’ima gidduu jiru akka cimu gochuuf,
Carraa dhibee adda addaa kan akka kaanserii harmaa, kanserii gadameessaa, garmalee dhiiguuf
saaxilamuu irraa hir'isuuf,
Furdina garmalee sababa garaatti baachuun dhufu ni hir'isuuf,
Carraa caabiinsa lafee luqqeettuu hir’isuuf,
Ofkaltiin /obbaatiin akka dafee bahuuf ,
Erga mucaan dhalatee/ttee gadameessi dafee akka iddootti deebi’uuf,
Haati Dirqama haadhummaa akka baatuufii kan kana fakkaataniif harma hoosisuun gumaacha
guddaa qabaata. Kana malees,
Harma haadha hoosisuun baasii aannan horii, xuuxxoo fi aannan warshaan oomishaman bituuf
bahu hanbisuuf
Ho’ina sadarkaa barbachisaa ta’e waan qabuuf yeroo annan danfisuu, calaluufii fi qabbaneesuf itti fixan
habisuuf,
Baay'ee qulqulluu waan ta’eef yeroo xooxxoo dhiquu fi danfisuu qusachuuf, harma hoosisuun shoora
guddaa waan qabuuf haadholiin daa'imman isaanii osoo walirraa hin kutin harma hoosisuun fayyaa
daa'imman godhatanii fi ofii isaanii mirkaneeffachuu qabu.Haadholiifii daa'imman kunuunsuun
dhaloota itti fufsiisuu waan ta'eef kunuunsa isaanii aadaa baratamaa godhachuun jajjabeessuun dirqama
hunda keenyaa haa ta'uun dhaamsa kooti.
Horaa bul

13. Nyaata dabalataa Daa’immaniif


Mukti tokko guddatee firii buusuf, kunuunsi barbaachisaa kan akka bishaaanii fi xaa’oon akkuma isa
barbaachisu, daa’imni tokkos guddatee bakka yaadame (guddaa) tokko gahuudhaaf soorataa fi kunuunsa
ga’aa ta’e isa barbaachisa.Kunis nyaata dabalataa harma haadhaa dabalatee daa’ima tokkoof yoo xiqqaate
hanga waggaa lamaatti kennamuufii qabuudha.

Ceesisa

Nyaata dabalataa jechuun harma haadhatti dabalee/ ida’amee nyaata dabalataa daa’immaniif laachuu
jechuudha . Hanaga ji’a ja’aatti nyaatni guddina daa’immaniif ta’u harma haadhaa qofaa keessaa waan
argamuuuf nyaata dabalataa kana isaan hin barbaachisu.Bishaan illee taanaan kennuufiin hin gorfamu.
Akka gabaasa Jaarmiyaa fayyaa adunyaatti nyaata dabalataa ga’aa ta’ee ji’a ja’aa hanga waggaa lamaatti
daa’immaniif laachuun du’i daa’immanii biyyoota guddataa jiran kan akka biyya keenyaa keessatti
6% ‘n akka hir’atu taasisa. Kanaafuu Nyaatini dabalataa kan daa’immaniif kennamuufii kan qabu yeroo
umuriin isaanii ji’a ja’a guutuu jalqabee ta’uu qaba. Nyaanni dabalataa kunis harma haadhaa bakka
hin bu’uu waan hin dandeenyeef daa’imman hanga waggaa lamaa fi isaa oliitti harma haadha isaanii
hodhuu qabu.

Ceesisa

Daa’imman guyyaa keessatti soorata gosa adda addaa irraa nyaachuun fayyaleesa ta’ani akka guddataniif
isaan fayyada. Daa’imman nyaata gosa tokko irraa qophaa’e qofaa yeroo hundumaa nyaachisuun
salphatti dhibeef waan saaxiluuf, Nyaatni dabalataa dhangaa addaa akka of keessaa qabaatuuf midhaan
gosa adda addaa irraa qophaa’uufii qaba, Yeroo nyaata idileen alattis daa’imman nyaataa fi annisaa
ga’aa akka argataniif gidduu gidduun kashaa (maksesii) nyaachisuutu nurraa eegama..
Ceesisa

Shaayii fi bunni keemikaalli of keessaa qaban sifaa’uu albuda ayranii waan dafanii balleessaniif
daa’imman obaasuun hin barbaachisu. Dhugaatiin Lallaafaa akka kokaa feedhii nyaataa daa’immanii
waan cufuuf, daa’imman dhuguu hin qaban. Aannan horii danfisanii obaasuun gaari dha. Aannan ho’aa
utuu raafamee dhad haan keessaa hin ba’in kennuufiin baroodha. Dhadhaan daa’imaaf annisaa ol’aanaa
waan of keessaa qabuuf baay’ee gaarii dha.

Ceesisa

Nyaatinni dabalataa kunYeroo feedhiin giidoo fi qabiyyee nyaataa kan aannan harma haadhaa keessa a
argachuu malan irra barbaachisutti jalaqabamuu qaba (ji’a ja’atti) Nyaataa anisaa/giidoo laatu, qaama
ijaaru fi albuudota qabu gaha qabaachu qaba.
 Hangaa fi baayyina nyaata guyyatti akka akka umurii isaanitti argachuu qabanii guutamuufii
qaba
 Qulqulinni isaa eegamee hojjetamuu qaba
 Lallaafaa ta’u qaba
 Salphaatti kan bullaa’u ta’uu qaba
 Haala baasii salphaan argamuu qaba
 Naannoo irraa kan aragamu danda’u ta’uu qaba
 Aadaa nyaatichaas hawaasa naannoo waliin walsimuu qaba
 Haala salphaan manatti qopheefamuu kan danda’u ta’uu qaba
Nyaani dabalata qulqulina isaa eegee maal maal irra hojjetamaa?
 Midhaan agadaa kan akka ruuzaa, qamadii, garbuu boqqolloo....
 Kuduraa fi fuduraa
 Nyaata maddi isaanii hori irra ta’an kan akka aannanii, killee/anqaaquu, qurxummi , foon
daakamaa/bulla’aa
 Bishaan qulqullinni isaa mirkanaa’ee ( danfisanii, calalanii, qabbaneessuu)

Gosni nyaataa fi dhugaatti hinbarbaachifne hoo?


 Sha’eenii fi bunni ( xuuxama albuuda aayreenii irratit dhiibbaa qaba) waan ta’eef daa’immaniif
kennamuufii hinqabu
 Dhugaatii fiilan/gaasii qaban ( akka nyaataatti hin lakkaa’amu, bu’aas hinqabu)
Nyaata mi’aa’Ina of keessaa qaban adda addaa kanneen akka dhugaatii shukkaaraa fi cuunfaa
garaagaraa daa’imman barsiisuun baroo hin ta’u.
 Ocholooniinii fi kan isa fakkaatan (ijoollee hudhunii miidhaa irraan geessisuu waan danda’aniif
eeggannoo gochuufiin barbaachisaadha.
.
Daa’iimman guyyaatti nyaata dabalataa hammam fi si’a meeqa nyaachuu qaban?

Hangi ijoolleen guuyyaatti nyaachuu qabdu umurii isaanii irratti hundaa’a

:Abbotiin daa’imman keessan gaafa ji’a ja’a guutee jalqabee


nyaata dabalataa kanneen akka marqaa ykn mooqa lallaafaa, kuduraa fi muduraa sirriitti bulla’an,foon
bullaa’e ykn tumame guyyaati yoo xinnaatee si’a sadi nyaachuu isaanii mirkaneefadhaa . Harma yeroo
fedhetti hosiisuu + Bu’aa bineeldootaa kan akka killee ykn hanqaaquu,aannan, foon,kalee,tiruu kkf +
dabaalataanis Marqaa midhaanii fi atara adda addaa irraa tolfame ( midhaan akka garbuu,
mishingaa,qamadii, xaafii fi gosa ataraa keessaa ammo kan akka ataraa, shumburaa, baaqeelaa kkf
+Gosoota Mudraa keessaa kan akka muuzii, pappaayyaa, abookaadoo kkf + Gosa warra Kudraale e
warra ta’an keessaa ammoo kan akka raarotii, kaarot buqqeenyaataa, dinnichaa,mixaaxxisaa fi kkf
taniidha.

Gosoota nyaataa dhaggeeffattan kanas bulleessuudhaan akka marqaatti ykn mooqaatti kennaafii

Si’a tokkottis Marqaa lallaafaa hojjettaniif kana dhaa ykn zayita hamma barbaachisu itti naquudhaan
fal’aana isa kan shaa’eetti fal’aana 2-hanga 3tti kennaafii. Guyyaattis al-lamaa fi isaa ol kennaafii. Nyaata
dabalataa Kanneen olitti dhaggeeffan kana sirriitti hordofuun daa’imman nyaachisuunis daa’imni keessan
fayya qabeessa fi jabaa tta’anii akka guddataniif isaan gargaara.

- Kunuunsa daa’immaniif Ji’a 12 hanga ji’a 23 gidduutti ykn Waggaa tokkootii hanga waggaa lamaatti
barbaachisu:

-Hadhaa fi abbaaan; yeroo umuriin daa’ima keessanii waggaa tokkootii hanga waggaa lamaa yoo ta’e
soorata (nyaataa) maatiin nyaatuu keessaa (irraa) waan siinii bunaa tokko ta’uu danda’u guyyaatti al 3
hanga 4 nyaachisaa.

-Dabalaataanis si'a 2 dhiyaana /tursituu nyaachisaa.kunis mucaan keessan fayya qabeessaa fi jabaa akka
ta’uuf gargaara.

Akkuma (ammuma) daa’imni keessan guddataa deemuun nyaata inni sooratus dablaafii, harmahoosisuus
itti fufaa.
Kunis guddina daa’imaaf annisaa ykn dhama barbaachisu akka argatu taasisa.

-guddinni sammuu daa’ima kessanii sirriitti akka dagaaguuf soorata daa’imaa soogiddi ykn ashaboo
ayoodiina qabuun qopheessafii

-soogiddichis kan itti dabalamu erga nyaanni bilchaatee ibidarraa bu’ee ta’uu qaba.

-Kunis ayodinichi ibiddan akka hin banneef gargaara.

- Umuriin daa’ima keessanii waggaa 2 erga guutee jalqabdanii qoricha ykn dawaa farra raammoolee
garaa kan akka maagaa balleessu ji’a 6 jahaan akka argatu taasisaa.

-kunis raammoolee garaa keessaa kan fayyummaa da’ima keessanii miidhan balleessuuf ykn ajjessuuf
gargaara waan ta'eef.

-daa’ima keessan yeroo hundumaa taphachiisaa, oduu durii fi seenaa adda addaa itti himaa

-akkasumas yeroo inni waan sirri raawwatu/ttu jejuun jajjabeessaa, galateeffadhaa,

-jaalala keessan hamachuudhaan, akkasumas dhungachuudhaan ibsaafii

-Kusis dammaqaa, qacalee ykn collee, qaroo fi gudddinni isaa/ishee sirrii akka ta’uuf gargaaara.

- Umuriin daa’ima kessanii hanga waggaa 2 guututti guddinni qaamaa fi sammuu isaa haala gaariin
dagaaguu isaa mirkaneeffachuuf ji’a ji’aan haala guddina daa’ima keessaanii hordofaa.

Tarii akka tasaa chaartii hordoffii guddina daa’imaanii irraatti guddina daa’ima keessanii gadi aanaa ta’ee
yoo mul’ate kunuunsi daa’ima keeessaniif barbachisu maal ta’uu akka qabu hojjetuu eksteenshinii fayyaa
waliin Mari’adhaa.Walumaagalatti Yeroo nyaata fudhatan sirritti akka nyaataniif jajjabessuun
barbaachisaa dha. Maatiin daa’imman isaanii hanga waggaa Shanguutanitti garaagarummaa ji’a ja’a
ja’aan qoricha viitaamin A daa’imman isaanii hordofsiisuun akka fudhatan taasisuunis furmaata
gaariidha. Yeroo nyaata dabalataa daa’imman isaanitiif qopheessan ashaboo ayoodiinii qabutti
fayyadamanii qopheessuu filatamaadha. Daa’imman talaallii akka fudhatan taasiisuu, hanga waggaa
tokkootti akka xumursiisanis gochuun fayyaa daa’immaniif wabiidha.Daa’imman yeroo dhukkubsatan
dafanii gara mana yaalaa geessuu, horddoffiii guddina daa’immantiif mana yaalaa daa’mman geessuu,

Daa’imman busaan akka hinqabamneef agoobara keemikaala farra bookee busaan cuphame jala akka
rafan gorsuun Haawwan tajaajila karoora maatitti akka fayyadaman mana yaalaa hordofuu akka qaban
gorsuu.
Nyaata dabalataa qulqullina isaa eegamee akka mitti qopheesuun danda’ama?

Daa’imman ji’a jaha booda nyaata dabaltaanyaachuu waan jalqabaniif carraan garaa kaasaan qabamu
isaani ni dabala. Carraan daa’imman dhukkubsachuu hir’isuuf nyaatni dabalataa yemmuu qophaa’u fi
nyaachisan haala qulqullina isaa eeggateen ta’uu qaba. Daa’imman faldhaana fi kubbaayyaa qulqulluu
ta’een sooramuu qabu, Xuuxxoo daa’imman sooruuf itti fayyadamtan sirritti qulqulleessun waan
rakkisuuf daa’imman akka salphatti dhibee garaa kaasaatiif saaxilamuu danda’u.Kanaaf sirriitti itti
yaadanii qulqullina isaa eeguutu baroodha. Nyaata qopheessuun duraa fi daa’imman nyaachisuuf harka
saamunaa fi bishaaniin sirritti dhiqachuun barbaachisa dha.Mana fincaanitti eerga fayyadamnee booda
harka sirriti dhiqachuun barbaaachisa dha. Nyaataa fi iddoo nyaatini itti qophaa’u ilbiisotaa fi bineensa
adda adda irraa eeggamu qaba.Nyaata dabalataa yeroo qophaa’u hanguma yeroo gabaabaa keessatti itti
fayyadamuu danda’an qofa qopheesun barbaachisaa dha.

Kanaafuu Nyaata dabalataa yeroo daa’imman keenyaaf qopheessinu:

-Harka qulqulluu ,qodaan itti nyaachisnu qulqulluuta’uu, Nyaata bilchaate fi kan hin bilchaatin addaan
baasuun kaa’uu ,Bishaanii fi nyaata qulqulluu ta’uu,Nyaata sirriitti qadaadanii iddoo qabbanaawaa fi
qooraa ta’e Qulqullina isaa eeganii ol kaa’uu, Nyaata bilchaate yeroo dheeraaf ol kaa’uu dhiisuu

• Nyaata guyyaa tokkoof qofa ta’u bilcheesuun, nyaatini yeroo dheeraa akka hinkufaminee fi hin samne
gochuudhaan nyaata dabataa qulqullina isaa eeggate daa’imman keenyaaf kennuudhaan dhibee rakkoo
kanaan wal-qabatanii haa ittisnuun dhaamsa qophii keenyaati.

Waan amma dhumaatti nu hordoftaniif galatoomaa!!!

You might also like