You are on page 1of 4

8.

Tamsa’ina HIV haadha irraa gara daa’imaatti akka hin darbine ittisuu
Addunyaa kana irra uummata vaayrasii HIV waliin jiraatan keessaa harka 40 kan ta’an
vaayrasichi qaama isaanii keessa jiraachuu hin beekan jedha Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa.
Meeshaan ittiin dhunfaan vaayrasiin HIV jiraachuu fi dhisuu isaa ittiin baran kun argamuun
ammo namoonni hedduun akka ofiin of qorataniif karaa bana kan jedhan ammoo daayreektera
walii galaa kan jaarmayaa fayyaa addunyaati, karaa biraatiinis HIV irraa fayyuun kan hin
danda’amnee fi namoonni baay’een dhuma irratti du’aaf kan saaxilamuu danda’an ta’uun isaas
beekamaadha.Haa ta’u malee dhibeen kun akka namatti hin darbineef ittisuun ni danda’ama.

HIV/AIDS fi ulfa

HIVn haadha dhibee HIV dhaan faalamte irraa gara daa’imaatti yeroo ulfaa ykn da’umsaa irratti
ni darba.  Haadha dhibeen faalamterraa gara daa’imaatti harma hoosisuunis darbuu ni
danda’a.Ragaan tamsa’ina dhibee HIV/AIDSii magaalaa fi baaddiyaan, dhalaa fi dhiiran,
umriidhaan akkasumas safartuu adda addaan qoqodamee jira. Haaluma kanaan Itoophiyaa
keessatti bara 2008 baayyini namoota dhibee HIV waliin jiraatanii gara miliyoona 1 qabxii 2
yoo ta’u ga’eessoti dhibee kana waliin jiraatan dhibbantaa %2.2% ta’u. Oromiyaa keessatti
bara 2008 namootii ga’eessota ta’an dhibee HIV/AIDSii waliin jiraatan %1.5 dha.Sagantaan
keenya har’aa kan irratti xiyyeeffatu garuu dubartiin HIV/AIDSiin qabamte tokko yeroo ulfaa,
wayita da’umsaa fi wayita harma harma hoosisuu akkamitti daa’ima dhibee kana irraa bilisa ta’e
godhchuu akka dandeessu irratti kan xiyyeeffateedha.Hanga dhuma sagantaa kanaatti akka nu
hordoftan kabajaa guddaadhaan isin afeerra.

Daddarbii haadha irraa gara daa’imaa jechuun tamsa’ina vaayresii HIV haadharraa gara
daa’imaatti yeroo ulfaa, da’umsaafi yeroo harma hoosisuu kan darbuu danda’u jechuudha.

 Ittisa daddarbii vaayresii HIV haadharra gara daa’immatti darbu jechuun immoo walitti
qaba tajaajiloota balaa daddarbii vaayresii HIV haadharra gara daa’immatti darbu
xiqqisuuf kaayyefate jechuudha.
 Daa’imman waggaa 15 gadi ta’aaniif Daddarbiin haadharraa gara daa’imaa vaayresii
HIViin qabamuuf sababa jalqabaati. Dhibbantaa 90ni isaanii kara kana qabamuudanda’u
jechuudha.
 Tamsa’ina vaayresii HIV haadha irraa gara daa’imaatti akka hin darbineef ittisuun
maaliif barbaachise isa jedhuuf?
 Daddarbiin/tamsa’inni vaayresii HIV haadha irraa gara daa’imaa rakkoo guddaa fayyaa
hawaasummaa yoo ta’ullee, tajaajiloota addaa addaa hojii irra oolchuun daddarbiif
dhiibbaa vaayresiichi lubbuun jiraachuu da’immanii irraan ga’u xiqqeessun ni
danda’ama.
 Balaan daddarbii qoricha farra vaayresii HIVtiin hir’achuu nidanda’a.

 Carraa ittisa bu’uuraatti fayadamuun, haadhaaf abbaa waliin gorsuun akkasumas


argannaa kununsa maatiif yeroon yaalamuun balaa isaa xiqqeessun nidanda’ama.

Wayitiiwwan daddarbiin hadharraa gara daa’imaa itti raawwatu

• Tooftaalee ittisaa fayyadamuu baannaan daa’imman hadhaa vaayresiin HIVdhiiga isaanii


keessa jiruu irraa dhalatan dhibbantaan 35tti vaayresiichi ni darba.

• Daa’imman yeroo ulfaa , yeroo da’umsaafi yeroo harma hodhan vaaresiin HIV haadha
irraa daa’imatti darbuu danda’a. Kunis dhibbantaan 15-20% yeroo ulfaa(utuu garaa
haadha kessa jiranii), dhibbantaan 50% ammoo yeroo ciininsuufi da’umsaa akkasumas
dhibbantaan 33% yeroo harma hodhan darbuu danda’a.

Haalota balaatamsa’ina vaayresii HIV haadharraa gara daa’imaatti yeroo ulfaa dabaluu
danda’ankeessaa ;

• Vaayresiin dhiiga keessa hedduminaan jiraachuu isaa,

• Daariqa haaraa ykn yoo haati erga ulfooftee booda HIViin qabamte,

• Dhukubi eedsii sadarkaa olaanarra yoo ga’eera ta’e,


• Qaamni haadhaa dhukkuba ofirraa ittisuu yoo dadhabe ykn lakkofsii CD4 baay’ee yoo
gadibu’e.,

• Yoo haati ulfi dhukkuba saalquunnamtiin daddarbu qabaatte

• Yoo haati ulfii dhukkuba busaa qabaatte

• Dubartiin ulfi nyaata ga’aa ta’e yoo hinarganne ta’e

• dubartiin ulfii hir’ina dhiigaa yoo qabaattee fi kan kana fakkaatan yeroo ulfaa dhibee HIV
haalaan akka dabalu gochuu danda’a.

Haalotni balaa daddarbii ykn tamsa’ina vaayresii HIV haadharra gara daa’imaa yeroo
ciniinsuufi da’umsaa dabaluu danda’an ammoo

• Vaayresiin dhiiga keessa hedduminaan jiraachuu

• Utuu iddoo hin ga’in/yeroon da’umsaa utuu hin ga’in dhalachuu.

• Daa’imni haala baqaqsanii yaaluun kan dhalate yoo ta’e

• Bishaan gubbee dhangala’ee sa’a afurii ol da’umsi yoo ture

• Ciniinsuun yoo garmalee dheerate/ture

• Deessisuun Meshaaleen gargaaraamun kangeggeefame yoo ta’e

• Haalota balaa daddarbiivaayresii HIVhaadharraa gara daa’imaa yeroo harma


hoosisuu dabaluu danda’an keessaa ammoo

• Harma duwwaa hoosiisuun ala utuu ji’a ja’a hin guutin nyaata dabalataa makuu

• Harma qofaa hoosisuu dhiisuu

• Yeroo dheeraaf harma hoosisuu


• Daariqaa’uu harmaa fi harmi yoo malaa godhate

• Afaan daa’imaa madaa yoo godhate ykn madaa yoo qabaate

• Haati harma hoosiftu yoo Vaayresii HIVtiin haaraa qabamte

• Dubartiin ulfi nyaata ga’aa ta’e yoo hinarganne

Tooftaalee ittiasa daddarbii vaayresii HIV haadharraa gara daa’immaatti akka hin
darbineef ykn akka hin babal’anneef gargaaran keessaa ammoo

 dubartootniifi shamarreewwan akka dhibee HIVtiin hinqabne ittisuu


 Dubartoonni HIViin dhiiga isaanii keessa jiru ulfa hinbarbaachifne irraa ittisuu
 Daddarbii haadharraa gara daa’imaa ittisuu
 Haadholiifi daa’imman HIViin qabaman kununsuufi gargaaruu

 Yeroo ammaa hadhooliin ulfa ta’an ykn hoosiisan kan HIViin dhiiga isaanii keessa jiru
hundumtuutamsa’ina vaayresii HIVhadharraa gara daa’imaa ittisuuf qorich farra HIV
jalqabuu qabu. Qorichooti gosi sadii yeroo ulfaa, yeroo da’umsaa, yeroo harma
hoosiisaniifi achii boodas umurii gutuu fudhachuu qabu.
Tamsa’ina vaayresii HIV haadha irraa gara daa’imaatti akka hin darbineef qaamoleen
hundinuu itti haa dirmannuun dhaamsa qophichaati.Qophii keenya torbaniin hanga
walitti deebinutti nagaan turaa! Horaa bulaa!!!

You might also like