You are on page 1of 3

Guyyaa 03 /13/2014

Mana Murtii waligalaa Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaatiif


Adaamaa
Ol’iyyataan :- Imabeet Taaffassaa
Teessoon Ar. CaffeeHaraa
De/Kennaan:- .1. Abdulaaziiz Husseen
2. Adamoo arboo
Teessoon araddaa Caffee haaraa
Ol’iyyanni kun murtii mana murtii ola’aanaa go/ha/Lixaa Galmee lakk 62749 ta’e
irratti jala murtii mana murtii Aanaa D/labuu galmee lakk28173 ta’e irratti
dhaddacha gaafa guyyaa 17/9/2014 tti kenne diguun murteessee koomachuun
bu’ura s/d/f/s kwt.328 fi labii lakk 216/11 tiin kan dhiyaatee dha.
 Mannii murtii ol’iyyata kana fuudhe ilaaluuf angoo niqaba.
 Ol’iyyata kana kan falmannu abuukaatoo seeraan ta’a.
 Yeeroon ol’iyyata hindabare.
 Xalayaa Waamichaa D/Keennaaf gahuu nandanda’a
 Garagalcha murtii mana murtii jalaa waligalaan fula _________ walqabateera
Falmiin M/murtii Jalaa Gabaabinaan
1. Ka’umsa falmii: mana murtii aanaatti qabeenyaa jimaa fi qabiyee dhunfaa koo
kan dhaalmayaan abbaa fi haadha koo irraa dhaalee qabu waamamtoonni amma abba
mana koo irraa bitanneera jeechun waan najaaa qabanif waliglteen bittaa fi gurgurtaa
lafa baadiyyaa irratti heeraa mootummaan kan dhorkamee fi goocha seeraan ala waan
ta’eef akka naaf gadilakkisan himadhee manni murtii Aanaa Galmee lakk 05354 ta’e
irratti haalli qabannaa lafaa seeraan ala bittaa fi gurgurtaa lafaa baadiyaatiin akka ta’e
mirkaneessuun lafaa fi qabeenya jimaa waliin akka naaf gadilakkisan naaf
murteessera. Bu’uruma kanaan an qabiyyee dhunfaa koo akka D/keennitoonni amma
naaf gadilakkisuun naaf raawwatan jechuun iyyanna galmee raawwi banachuun kan
iyyadhe yammu ta’u manni murtii Aanaa haala qabannaa lafaa baadiyyaa kan seeraan
ala fi tumaale Heerichaan tumaman haala faallaa ta’e bu’ureefachuun ta’u isaa irraa
raawwiin isaa kan darbinsaa yeerootiin daangaa’u miti jeechuun galmee raawwi lakk
28173 dhaddacha gaafa guyyaa 17/09/2014 oleen naaf keenneera.
Kana ta’e osoo jiru manni murtii ol’aanaa dhimmicha ol’iyyannon ilaaluun haalli
qabannaa seeraa fi heeraan ala ta’u isaa galmee keessaa mirkaneesse osoo jirufi
amaluma dhimmicha irraa sirnaan madaaluun goocha seeraa fi heeraan dhorkame irrati
murti keennamu ilaachisee raawwiin isaa kan darbinsaa yeeroo hin qabne ta’uun isaa
osoo hubatamu abbootiin seeraa namoonni lama daaga yeeroo qaba jeechuun
sagalee calmaatiin murtii mana murtii aanaa diguun murtii keennuun isaanii murtii
seeraa fi heeraa cabsuun kan murteessan waan ta’eef koomachuuf dirqamameera.

Tarreen koomii koo gabaabinaan

1ffaa . Murtiin mana murtii ol’aanaa dhimma seeraa fi heeraan ala ta’e fi mirgaa
haadhoo irratti falmii ka’u kamiyyuu illeen kan daangaa yeeroo kan hinqabne akka ta’e
heeraan tumame irratti raawwii isaa daagaa yeerootiin kan daangeeffamu dha jeechuun
murteessuun isaa murtii faallaa heeraa fi seeraa haala ta’e kan murtaa’e ta’u isaa :-

Lafa baadiyyaa ilaachisee bittaa ,gurgurtaa,jijjiraatiin ykn haala kaminuu qaama


sadafaatiif dabarsuun kan hin danda’amne akka ta’e heera mootummaa federaaaa
keewwata 40 jalaatti ifatti dhorkame argama. Manni MWFDH ijibaa illeen galmeele
adda adda irratti hikkoo seeraa dirqisisoo haala tumaa keewwata Heeraatiin tokko
ta’een hikkoo keenneera. Kana irraa yammu kaanu goochii heeraa cabsuun waligaltee
bittaa fi gurgurtaa lafa baadiyaatiin dhorkamee cabsuun raawwatame ilaalchisee
falmiin mirga abbaa qabiyummaa dhiyaatukamiyyuu kan daangaa yeerootiin
daangeefamu kan hin qabnee akka ta’e tumaalee seeraa fi heeraa ni mirkaneesu. Kana
ta’e bakka jiruut dhimma falmiin abbaa qabiyyummaa galmee haadhoo irratti ka’u kan
daangaa yeerootiin daangeefamu kan hin qabne akka ta’e seeraa fi heeraan tumame
argamu kana ilaalchisee raawwiin murtii illeen bu’ura irraa amala dhimmicha addaa
(dhimma heeraan dhorkame ) ta’u isaa irraa kan ka’e kan daangaa yeerootiin
daangeeffamu miti. Haaluma kanaan manni murtii Aanaa jala murtii haala tumaa
keewwata Heeraa waliin tokko ta’een dhimmicha madaaluun daangaa yeeroon hin
daangeefamu jeechuun jala murtii keennuun isaa sirri ta’e bakka jirutti manni murtii
ol’aanaa sababa gahaa fi amansisaa tokko maleen jala murtii mana murtii jalaatiin
keenname diguun murtii faallaa Heeraa MF Itophiyaa ta’een kan murteesse ta’un isaa
akka manni murtii bakka goocha seeraa fi heeraan dhorame jiru itti mirkanaa’e kan
taasisee waan ta’eef murtii heeraa cabsuun kan keenname dha jeedhame akka naaf
digamu kabajaan gaafadha.

2ffaa. Murtiin mana murtii ol’aanaa goocha seeraan dhorkame fi kan heeraa cabsuun
goocha raawwatame argamu murtii beekkamtii seeraa keennu dandeesisu keennuun
murtii heeraan faallaa ta’u isaa :- akkuma beekkamu bittaa fi gurgurtaan lafaa
baadiyyaa kan heeraan dhorkame akka ta’e fi d/Keennitoonni amma kun illeen lafa
raawwiif sababa ta’e kana bittaadhaan kan qabatani fi akka gadilakkisan kan irratti
murtaa’e ta’u isaa akkasumaas an illeen qabiyyee heeraa fi seeraan ala narraa
fudhatame turee akka naaf gadilakkifamu naaf murtaa’e jiru akka naaf raawwatamu
jeechuun kan iyyadhe ta’u isaa naaf mirkanaa’eera. Manni murtii ol’aanaa illeen
murtii mana murtii jalaa tumaalee seeraa fi heeraa waliin wabira qabuun murtii mana
murtii jalaa cimsuu osoo qabu, keewwata Heeraa keww 40 cabsuun haalli qabannaa D?
keennitoota akka seeraa qabeessa ta’eetti tilmaama faalla heeraa ta’e fudhachuun kan
murteesse waan ta’eef murtiin haala faalla heeraa ta’een murtaa’e tokko immoo
bu’ura hmfi keww 9 tiin murtii heeraan ala waan ta’eef kan haafaa ta’u qabu ta’u isaa
naaf hubatame murtii mana murtii ol’aanatiin keenname kufaa akka naaf ta’u kabajaan
gaafadha.

3ffaa. Tumaan s/d/f/s kewwata 384 jalatti tumame jiru ilaalchisee manni murtii
Ol’aanaa haala faallaa heeraa ta’een hikkoo keennuun kan murtiin keenname ta’u isaa:-
kuniis tumaan seeraa D/f/S akka ifaatti tumamee jiru irraa hubatamuutti dhimma
kana ilaalchisee kan darbinsaa yeeroo tiin mirga A/Mirga dhabsisuu osoo hin ta’iin
dhimma raawwii murtiin isaanii seeraa qabeessaa ta’an ilaachisee daangaan raawwii
isaanii hanga yoom akka ta’e ibsuuf akka ta’e osoo beekamu dhimma heeraan
dhormamee fi heeraa fi seeraa cabsuun raawwatame murtii argatee ilaalchisee daangaa
yeeroo raawwii isaanii murteesuuf akka hin ta’ini fi kan hikkamu qabu illeen tumaa
Heeraatiin walbira qabuun haala heeraan faallaa ta’een hikkamu akka hinqabn e osoo
beekkamu manni murtii ol’aanaa hikkoo seeraa tumaalee heerichaa haala
walfaalleessuun hikuun kan murteesse ta’u isaa naaf hubatame murtiin narratti
keenname akka narraa digamu kabajaan gaafadha.

4ffaa. Murtiin mana murtii Ol’aanaa mirga A/Idaa falmii haadhoo irratti yeeroo
kamiyyuutti yoo gaafatame dirqama gadilakkisuuf qabu fi mirga seeraa fi heeraan
beekkamti argachu hin dandeenye irratti falmii raawwii irratti beekkamtii seeraa
keennuun goocha seeraan ala ta’e bu’ureefachuun akka mirga argatu kan taasisee
waan ta’eef dogoggora jedhame akka kufaa narraa ta’u kabajaan gaafadha

Walumaagalatti kabajamaan manni murtii kun koomii ol’iyyannoo koo galmee fi


seeraa dhimmichaaf rooga qabuu waliin gadifageenyaan naaf qoratee murtii mana
murtii Ol’aanaatiin galme lakk. 62147 ta’e irratti keenname hikkoo seeraa haala
tumaalee heerichaan faallaa ta’e hikuun kan murteesse fi mirga haqaa argachuu koo
garmalee dhibuun kan keenname ta’u isaa naaf mirkanaa’uun narraa digame murtii
mana murtii aanaatiin naaf keenname akka naaf cimu naaf murtaa’u kabajaan gaafadha
Baasii fi kisaaraa durgoo abuukaatoo dabalate akka naaf murta’u kabajaan gaafadha
Kuniis dhugaa ta’u b/s/d/f/s keww 92tiin namirkaneessa

You might also like