You are on page 1of 3

Wajjiraa--------------------------------------------------------ttif

A/dirreetif Guyyaa-------------------

Iyyattootni;1ffaa Dhaabbata Raabsaa Boba’aa JR Petrooliyeem

2ffaa ‘’ ‘’ ‘’ ‘’ ‘’ ‘’ ‘’ Habesha

Teessoon ;-Naannoo Oromiyaa Godina Boranaa Aanaa Dirree

Dhimmii ;-Hojii Dhiyeessi Boba’aa Dhaabbuu/Cufuu/ta’aa

Akkuma Mata duree irratti yaalamee nuutii abbootiin qabeenyaa hojii dhiyeessi

Boba’a Aanaa A/Dirreetiifi nannawa isiitiif dhiyeessuu irratti bobba’uun hojii

Dhabdummaa hir’isuuf misooma saffisiisaa fiduufi mootummaa keenna cinaa

Dhaabbachun hojjachaa turruun keenna ni yaadatama.

Haata’uu maale hojiin invastimantii dhiyeessii boba’aa kunin bu’aa ba’ii

Heddu waan qabuuf, kan hojjatamun banda’u yoo mootumman abbooti

Qabeenyaa dhuunfaan qabeenya isaanii dhangalaasuun hojii kana hojjachaa

Jiran bira dhaabbachuun haala mijaawaa uumeef qofadha. Akkaataa imaammata

Diinagdee itoophiya jedhuun gaheen mootummaa hojii invastimantii abbootii

Qabeenyaaf guutuu qabu olaanaa akka ta’e tumee jira.abbootiin qabeenyaa

Guddina diinagdee ariifachisaanfi itti fufiinsaa qabu fiduuf mootummaan

Haalawwaanbabaachisaa ta’an gama isaatiin guutuu akka qabu dirqama

Irraa eeggamu ba’uu akka qabu kaa’ee jira.

Wantoota abbotiin qabeenya isaanii hojii invastimentii irratti gufuu ta’an

Mootummaan karaa irraa gorsuun wantoota misoma adda addaa hojii

Hojii invastimantii babal’isuuf barbaachisan hundaa haala mijaawaa uumuufii

Qaba. Nuutii abbootiin qabeenyaa hojii invastimantii boba’aa raabsuu irratti

Bobbaanee godina kana keessatti hojii dhabdummaa hir’isuuf akkasumas maatii keennaas
gargaruuf

Hojii kana irratti bobba’uun yeroo dheeraaf osoo karaa mootummaatiin haallii mijaawaan nuuf
hin miwaajin osoo bu’aan silaa hojii kana irraa argachuu qabnu hin argatin duranaa mootumaan
Nuuf sireessa jennee hojii kana hojjachaa turreera. Nuutii abbootiin qabeenyaa Aanaa kana kan

Keessatti hojii dhabdummaa hir’isuuf namoota hojii hin qabnee kan maatiin hedduu bulchan akka

Dhaabbata keennaattii yoo xiqqaatee namoota 10(kudhanii) oli mataa mataatti qaxaruun ji’aan

Mindaa qarshii kumaa lamaa(2000) hanga kumaa jahaa(6000) kafalaa taaksiifi gibira mootummaa

Nutti murteesse yeroon baasaa turreera.

Haata’uu malee mootummaan osoo nuutii qarshii boba’aan bitannu qabnuu,osoo dhaabbanni

Boba’aa gurguru nu hin dhowwin ofumaan kootaa xiqqeessuun akka nuutii hanga dandeetii

Keennafi fedhii ummata Aanaa keennaa dhiyeessuu hin dandeenne naafxaa ji’atti Bottii tokko

Qofa, Beenzila immoo ji’a sadiiti bootti tokko qofa akkadhiyessu dandeennu nu godhuun akka

Kirsaaraa adda addaaf nu saaxileera…

Nuutii bootii tookkof qarshii miliyoona lamaafi kuma dhibba afur(2.4 mliyon) kaffallee bitaa turree.

Qarshii kana immoo kaasha harkatti qabanne osoo hin taanee karaa baankiitiin dhababaticha
dabarsaa turre. Kun ta’ee osoo jiruu mootummaan sirreeffama baankolee dame Godina
booranaatti irratti godheen namnii lakkofsan herregaa dame garaagaraa qabnu nama bakka biraa

Jiruuf erguus ta’ee irratti galchuu akka hin danndeenne qajeelfama kaa’ee jira .kun immoo daraan

Rakkolle duraan nu qunnamaa turan irratti akka nuutii dhiyeessi boba’aa qarshii erginee
dhiyeessu hin dandeenne nu godheera.kan biraa mootummaan rakkoole dhiyeessi boba’aatiin wal

Qabatan akka furuuf yeroo adda addaa qama dhimmi ilaallatu qaamaanis ta’ee barreeffamaan
iyyanus furmaataa argachuu hin dandeenne. Kanaaf,sababoota armaan oliiti tuqaman kana irraa

Kan ka’e hojii dhiyeessii boba’aa dhiyeessuu waan hin dandeennef dhabbata kana (hojii) kan

Dhaabnee hojjattota duraan qaxarree turree gara maatii isaaniitti geggeessuu keenna dhiifama

Waliin kabajaan isan beeksifna

Horaa bbulaa deebanaa

G/G Maqaa fi mallattoo iyyattootaa

Waajjira bulchiinsa godina booranaatiif 1.

Qajeelcha poolisii godina booranaatiif 2.

Waajjira Daldalaa Godina Booranaatiif 3.

Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godinaa Booranaatiif


Yaaballoo

You might also like