You are on page 1of 3

Guyyaa 02/01/2015

Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaatiif

Adaamaa
Ol’iyytaan :- Aminoo Haaji Mahaammad

Teessoon:- Go/Har/Lixaa Aanaa G/Qorichaa magaalaa Kommoonaa


Deebikennitoonni :- 1ffa , Waajira Barnoota Aanaa Gubbaa Qorichaa
2ffaa. Waajira Bishaanii fi Inirarjii Aanaa Gubbaa Qorichaa
Teessoon:-Go/Har/Lixaa Aanaa G/Qorichaa Magaalaa Kommoonaa

Komiin ol’iyannoo kun b/s/d/f/s/lakk.327tiin Murtii Manni Murtii Ol’aanaa Go/Har/Lixaa


Galmee Lakk.63000 irratti gaafa 11/11/2012 kenne komachuudhaan ol’iyyata dhihaateedha.

 Murtiin jalaa kan kenname Mana Murtii Ol’aanaa Godina Haraargee Lixaatti
 Lakk.galmee mana murtii jala 63000
 Guyyaan murtiin jalaa kenname gaafa 11/12/2014
 Garagalchi galmee mana murtii jalaa fuulli 28 komii Kanaan walqabatee jira.

Tarree Himata kiyaa

Mana murtii jalatti ani ol’iyyataan ammaa himataa deebikennitoonni ammaa immoo himatamtoota
turan. Falmii kanaafis ka’uumsa kan tahe himannoo ani ol’iyyataan ammaa mana murtii jalatti gaafa
15/09/2014 barreeffamaan deebikennitoota airratti dhiheefadhe yammuu tahu ijoon himannoo
kiyyaatis kan jadhu gabaabumaan “Lafa qonnaa qabiyyee dhuunfaa kiyya bal’inni isaa qinddii 6
(jaha) taate Aanaa Gubbaa Qorichaa Magaalaa Kommoonaa Cinatti argamttu daanggaan Bahaan
Karaa (Daanddii) Lixaan Ariif Yuusufee, Kibbaan Mana Amantaa Orthodoksii, Kaabaan Mana
Baruumsaatiin daanggeffamttu bara 1983 jalqabee qaama lafa bulchuuf aanggoo qabuun naaf
kennamee waggoottan dabran 24iif olitti aansee qotadhee midhaan irraa oomishachaa jireenya
kiyyaa fi maatii kiyya ittiin jiraachisaa jiru bara 2007 jalqabee himatamttoonni ammaa akkaataa
seeraatiin beenyaa tokkollee osoo naaf hin kafalin aanggoo isaanii daanggaa godhachuudhaan lafa
kiyya irratti dallawa ijaaranii himatamaa 1ffaan mana hula 5(shan) himatamaa 2ffaanis mana hula 5
(shan) lafa qabiyyee dhuunfaa kiyya humnaan qabatan kana irratti bara 2007 jalqabee ijaarsa
gaggeessaa jiru. Anis lafti kun qabiyyee dhuunfaa kiyya akkaataa seeraatiin naaf kennamttee waggaa
25 guutuu itti fayyadamaa ture waan taheef himatamttoonni ammaa beenyaa akka naaf shallagan
gaafii irra dadeebiin dhiheefadhus lafa tana irraa mirga hin qabddu jachuudhaan kafalttii beenyaa fi
lafa jijiirraa tokkoon maletti mirga kiyya heera Mootummaatiin naaf kabajamee jiru seeraan ala
nadhabsiisanii jiraniif kafalttii beenyaa waliigala qarshii 1,905, 500 (miliyoona tokkoo fi kuma
dhibba sagalii fi kuma shanii fi dhibba shan) akka naaf kafalan himata dhiheefadheen ture.
Deebikennitoonni ammaatis deebii isaanii mana murtii jalatti gaafa 28/10/2014 barreeffamaan
dhiheesan irratti qabxiiwwan mormii sadarkaa duraa lafa amma beenyaan irratti gaafatamee Kanaan
walqabatee Kanaan dura galmeelee lakkoofsa 19987 tahee fi galmee lakk.60988 tahaan irratti
walduraa duubaam Mana Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaa fi Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee
Lixaatti falmiin gaggeeffamee dhimmichi murtii dhumaa argatee kan jiru waan taheef b/s/d/f/s/lakk.
33, 5, fi 244 tiin kufaa akka tahu jachuudhaan firii dubbii irrattis deebii guutuu laatanii turan .
Kanaan booda manni murtii jalaa qabxii mormii sadarkaa duraa deebikennitoonni kaasan irratti
falmii afaanii erga gaggeesse booda dhaddacha gaafa 11/12/2014 ooleen dhimichi Kanaan dura
murtii dhumaa argatee jira jachuudhaan himata dhihaate b/s/d/f/s/lakk.33,5 fi 244tiin kufaa godhee
murtesee ture. Komiin ol’iyyannoo kunis murtiin manni murtii jalaa kenne dogongora hiikoo seeraa
fi ijoo dubbii waan qabuuf akka naaf diigamuuf komii kiyya akka armaan gaditti dhiheeseen jira.

Qabxiiwan dogongora Mana Murtii jalaa akka naaf sirreeffaman gaafadhu

1. Himannoon kiyya galmee ammaa kana irratti dhihaate kan jadhu deebikennitoonni adeemsa
seeraa osoo hin eegatin lafa qabiyyee dhuunfaa kiyya waan narraa fudhatanii tajaajila
ummataatiif waan oolachaniif akkaataa seeraatiin beenyaa akka naaf kafalan jachuudhaan himata
dhihaate yammuu tahu. Mormiin sadarkaa duraa deebikennitoonni kaasan ammoo lafa amma
beenyaan irratti gaafatame kana irratti Kanaan dura falmiin gaggeeffamee dhimichi murtii
dhumaa argatee jira kan jadhan yoo tahu manni murtii jalaa ijoon falmii himata duraa fi himata
ammaa keessa jiru walfakkaata moo wal hin fakkaatu kan jdhu osoo sirnaan hin qulqulleessin
murtiin kenne sirrii miti. Sababiin isaatis himata Kanaan dura galmee Lakk.19987 taheen Mana
Murtii Aanaa Gubbaa Qorichaatti ani dhiheesee ture kan jadhu deebikennitoonni lafa qabiyyee
dhuunfaa kiyya irratti ijaarsa humnaan ijaarn baasii isaaniitiin diigatanii lafa qabiyyee dhuunfaa
kiyya akka naaf gadilakisan kan jadhu waan taheef ijoon manni murtii Anichaa galmee kana
irratti qabates “ deebikennitoonni lafa falmii kaase haala kamiin qabatan? Yoomii kaasanii
qabatan? Himannoon dabriinsa yerootiin ni daangaha moo miti? Ijoowwan jadhan yoo tahu
Mnni Murtii Aanaa kunis himata kiyya galmee lakk.19987 tahe kana irratti dhihaate kufaa kan
taasise deebikennaan 1ffaan lafa falmii kaase kana irratti kaartaa abbaa qabiyyee gaafa
19/9/2012 kennameef waan itti qabuuf oliyyataan ammaa lafa kana irratti himata dhiheesuuf
mirga hin qabu jachuudhaan murtii kennee ture. Ijoon dubbii galmee lakk.19987 tahe irratti
qabamee fi kan amma galmee lakk.63000 tahe kana iratti dhihaateen wal hin fakkaatu. Falmiin
duraanii falmii lafti akka naaf gadilakifamu jadhu yammuu tahu, falmiin galmee ammaa kana
irratti dhihaate ammoo falmii beenyaan qabiyyee lafa baadiyyaatiin walqabatu akka naaf
kafalamu kan jadhu waan taheef dhimmichi dhima Kanaan dura murtii argate kan jachisiisuu
miti. Kanaafuu murtiin manni murtii jalaa kenne sirrii miti.
2. lafti falmii kaafte tan narraa fuudhamtte bara 2007 yammuu tahu deebikennaan 1ffaan kaartaa
abbaa qabiyyee kan itti baafate 19/09/2012 yammuu tahu deebikennaan 2ffaan ammoo lafa
heektaara 0.16 tahe kaartaan lakkoofsa 2/89/MLMK/2014 taheen gaafa 24/5/2014 akka
kennameef lafa deebikennaan 2ffaan harkaa qabu kanas deebikennaan 1ffaan kan isaa irraa akka
muree kenneef deebii dhiheesanii kaartaan olitti caqasame kanas deebii isaaniitiin galmeen
walqabsiisanii jiru. ani ammoo lafa falmii kaase deebikennitoonni kaartaaleen kunneen isaaniif
kennamuun duratti bara 2007 keessa akka aanggoo isaanii dahoo godhatanii narraa fudhatanii
biiroo hula shan (5) tokko tokkoon isaanii waan irratti ijaaraniif beenyaa akka naaf kafalan
jachuudhaan himata amma dhihaate kana manni murtii jalaa gaafiin lafti akka naaf deebi’u
jadhuu fi gaafii beenyaan akka naaf kafalamu jadhu akka tokko tahetti fudhachuudhaan dhimichi
Kanaan dura murtii argatee jira jachuudhaan murtiin kenne sirrii miti. Sababiin isaatis
deebikennitooni kunneen qaama mootummaa lafa qabiyyee dhuunfaa namoota irraa akkaataa
seeraatiin beenyaa kafaluudhaan fudhatanii faayidaa ummataatiif oolchuuf mirga kan qaban
waan taheef manni murtii anaa himata lafti naaf deebi’u jadhu kufaa taasisuun isaa
deebikennitoota baafii kafalttii beenyaa jalaa kan bilisa isaan baasu waan hin taaneef dhimmi
kafalttii beenyaatis falmii Kanaan duraa keesatti ka’ee waan hin jirreef hiikoon seeraa mana
murtii jalaatiin s/d/f/s/lakk.5 jalatti kenname sirrii miti. Kanaafuu manni murtii kun murtii mana
murtii jalaa kana akka naaf diigun gaafadha.
3. gaafiin ijaarsi lafa qabiyyee dhuunfaa kiyya irratti gaggeeffame baasii himatamaatiin diigamee
lafti akka naaf deebi’u jadhuu fi gaafiin sababii lafti kiyya narraa fuudhameef beenyaan akkaataa
seeraatiin akka naaf kafalamu jadhu gaafii seeraa garagaraa fi ijoo garagaraati waan taheef
manni murtii jalaa ijoowwan walhin fakkaanne walfakkaatan jchuudhaan himata kiyya najalaa
kufaa taasisuun sirrii miti. Murtiin mana murtii jalaatiin kenname kunis murtiiwwan dirqisiisoo
Dhadachi Ijibbaata Mana Murtii Waliigala Fedaraalaa galmeewan adda addaa irratti kenneen kan
walfaallessu waan taheef murtiin mana murtii jalaa kun naaf digamee bu’ura himannoo
kiyyaatiin akka naaf murtaahun gaafadha.

Seerummaan gaafadhu

Manni Murtii kun komii kiyya kana seera dhimmichaaf roguma qabuun walcinaa qabee erga naaf
madaale booda Murtii Manni Murtii Ol’aanaa Go/har/Lixaa Galmee Lakk.63000 irratti dhaddacha
gaafa 121/12/2014 ooleen murteese naaf diigee bu’ura himannoo kiyyaatiin akka naaf murteesun
gaafadh

Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mallattoo kiyyaan mirkaneessa.

You might also like