You are on page 1of 6

Guyyaa 14/04/2015

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessaa
Jiddulixummaan Deebikennaan: Dhaabbata Inshuraansii Madihin Itoophiyaa

Teessoon: Magaalaa Ciroo Araddaa Caffee Araaraa

Himataan:- Obbo Siraaj Argaaw

Teessoon: Magaalaa Maddeessaa Araddaa 02

Himatamaan:- Guutamaa Balaay Dabbasaa

Teessoon:- Magaalaa Burraayyuu

Deebiin jiddulixummaa kun b/s/d/f/s/lakk.234 tiin qophaawee himannoo


himataan himatamaa irratti galmee lakkoofsa 42984 taheen dhiheesseef deebii
dhihaateedha.

Ijoo himanoo dhihaatee gabaabinaan


Himannoon dhihaate gabaabumaan kan jadhu gaafa 04/02/2015 guyya keessaa tilmaamaan
sa’atii 8:00 yammuu tahu Magaalaa Baddeessaa Araddaa 02 keessatti konkolaataan himatamaa
lakkoofsi gabatee isaa 03-86648 ET tahe sababa hin beekamneen iddoo dhaabbatee socho’ee
dhaaba mana kooti bu’ee midhaa mana kiyya irraan waan gaheef himatamaan beenyaa qarshii
154,050 (kuma dhibba tokoo fi kuma shantamii afur) akka naaf kafalu jachuudhaan himata
dhiheesee ture.

Tarree deebii keenyaa


1. Himannoon himataan miidhaa qarshii 137,000 (kuma dhibbaaa fi sodomii torba) mana kiyya
laameraadhaan ijaarame irra gahe jachudhaan dhiheesse guutumatti soba. Miidhaan mana
suuqii laameraan ijaarame jadhame irra gahe hin jiru. Meeshaan himataan gatii caqasameen
bitee bifa haarawaan ijaares hin jiru. Akkuma beekkamu bifa himata irratti dhihaateen manni
laameraa tokko konkolaataan kan rukutamu yoo tahe yeroof laameraan cafaqamuu mala
malee miidhaan suphamuu hin dandeenyee fi bifa haarawaan mana laameraa ijaaruu
barbaachisu bifa kanaan gahuu hin dandahu. Kanaafuu himannoon dhihaate himannoo
sobaan badhaadhina isaan hin malle argachuuf yaadamee dhihaate waan taheef kufaa akka
tahgu gaafanna.
2. Himataan meeshalee ijaarsaa himata irratti tarreesee dhiheese bifa haarawaan bitee mana
laameraa jadhame deebisee ijaaruu isaatiif ragaan roguma qabu nagaheewwan gibira vaatii
itti kafalamee fi bittaan meeshaa ijaarsaa itti gaggeeffame himannoon walqabatee hin
dhihaanne waan taheef himannoon dhihaate guutumatti sobaan kan dhbihaate tahuu agarsiisa.
Kanaafuu manni murti kun himata sobaa kana kufaa akka nurraa taasisu gaafanna.

3. Himannoo miidhaa mana fooqii irra gahe jadhame ilaalchgisee mana kana irra miidhaan gahe
hin jiru. Himataan miidhaa mana isaa irra sababa dulloomaatiin gahe balaa konkolaataa kana
dahoo godhatee suphatuu barbaada waan taheef himannoon dhihaate kan sobaati. Kanaafuu
kufaa akka tahu gaafanna.

4. Manni laameraa himataan akka jadhutti midhaan irra gahee bifa haarawaan kan bakka
buufamuu kan qabu yoo tahee fi dhaabbanni keenya midhaa gaheef beenyaa kafaluu qaba
kan jadhamu yoo tahe dhabbanni keenya meeshaalee ijaarsaa miidhaan irra gahaan
fudhachuuf mirga qaba waan taheef manni murtii kun bifa kanaan akka murteessu gaafanna.

5. Midhaa gaafa jadhame konkolaataa himatamaatin Magaalaa Badeessaa keessatti qaqabee


tureen walqabatee namoota maqaan isaanii 1ffaa Muhaammad Mahaammad Ibroo 2ffaa
Musxafaa Ahimad Aliyyii jadhaman kan qabeenyi jalaa manc’eef waliigalttee Araadaa gaafa
10/02/2015 bakka dhaabbanni keenya jirutti abbootii qabeenyaa fi himatamaa kanaa wajjiin
taasifameen dhaabbni keenya baasi himatamaan namoota kanaf kafalu qarshii 70,500 (kuma
torbaatamaa fi dhibba shan) himatamaa kanaaf bakka buusuuf waliigallee himatamaanis
qarshii kana fudhachuuf gaafii dhiheesee dhaabbanni keenya himatamaaf qarshii 70,500
(kuma torbaatamaa fi dhibba shan) kafaltaa raawatuuf adeemsa irra jira. Kanaafuu
waliigalttee inshuraansii qaama 3ffaa dhaabbanni keenya konkolaataa himatamaatiif kenneen
walqabatee daanggaan ittigaafatama dhaabbata keenyaa balaa yeroo tokko gaheef qarshii
100,000 (kuma dhibba tokko) qofa kafaluuf waliigalttee waan seeneef, himannoo kanan
walqabatee qarshiin dhaabbani keenya himatamaa bakka bu’ee kafaluuf dirqama qabu
29,500 (kuma diigdamii sagalii fi dhibba shan) qofa waan taheef manni murtii kun daanggaa
ittigaafatama dhaabata keenyaa irratti hundaahee akka murteesuu fi meeshaalee miidhaan irra
gahe jadhaman daanggaa maallaqa kafalluu irratti hundaahee akka nuuf kennaman murtiin
haqa qabeessi akka nuuf kennamu gaafanna.

Seerummaan gaafannu

Mannio Murtiikun deebii keenya seera roguma qabuun walcinaa qabee erga nuuf
madaale booda himannoo himataan badhaadhina isaan hin malle argachuuf yaadee
maammila keenya irratti dhiheese kana kufaa nurraa taasisee baasii kisaaraa itti nuuf
muree bilisaan akka nugaggeessu gaafanna.

Dhugaa tahuu b/s/d/f//s/lakk.92 mirkaneesina


Guyyaa 14/04/2015

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessaa
Jiddulixummaan Deebikennaan: Dhaabbata Inshuraansii Madihin Itoophiyaa

Teessoon: Magaalaa Ciroo Araddaa Caffee Araaraa

Himataan:- Obbo Siraaj Argaaw

Teessoon: Magaalaa Maddeessaa Araddaa 02

Himatamaan:- Guutamaa Balaay Dabbasaa

Teessoon:- Magaalaa Burraayyuu

Tarree ibsa raga b/s/d/f/s/lakk,223tiin guutamee dhihaateedha

Raga barruu

1. Waliigalttee Inshuraansii dhaabbanni keenya himatamaa wajjiin seenee fi miidhaan


ittigaafatama dhaabbata keenyaa balaa yeroo tokko gaheef qabeenyaaf qarshii 100,000
(kuma dhibba tokko) qofa tahuu agarsiisu fuula tokko (1) hiika afaanii wajjiin walqabatee
jira.

2. Waliigalttee Araaraa himatamaan namoota Mahaammad Mohaamadii fi Musxafaa


Ahimad jadhaman wajjiin godhee fi balaa kanaan walqabatee dhaabbanni keenya qarshii
70,500 (kuma torbaatamaa fi dhibba shan) akka bakka buufamuf dhaabbata keenya
gaafate agarsiisu fuula 2 walqabatee jira.

Ragaa namaa

Ragaan namaa himataman midhaa ilaalchisee mana murtii kanaaf dhiheessu nuufis nit
aha waan taheef akka raga keenyatti akka nuuf qabamu gaafanna.

Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneesina


Asxaa DHAABBATA INSHUURAANSII ITOOPHIYAA

Biiroo Muumee, Finfinnee, Damee Burraayyuu

Lakk.postaa 2545, bilbila 251-11-5512400 lakk.faaksii 251-11-5517499 emeeli ; mkt.eic,ethionet.et


weebsaayitii http//www.eic.com.et

Inshuraansii Mootora Daldalaa

DAMEE Burraayyuu

Lakk. Polisii ‘- 5173112020001219

Yeroo Inshuuraansii: Gurraandhala 13/2022 Gurraandhala 12/2023

Gosa Haaguggii—uwwisa qaama 3ffaa kan imaltotaa (TPR)

Inshuraansii Galaa: Guutamaa Balaay

Tessoo :Itoophiyaa , Naannoo Oromiyaa Godina Addaa Bureraayyuu -0930306472


Hojii/oggummaa

Ibsa konkolaata

Lakk omishaa gosaqaamaa human lakk.chaasii Bara Human fe`u gatiikonkolaataa Araboona
g fardaa Lakk.enginii omishaa
mi`a imaltoota+
konkolaachisaa

3- Sino galbaacii 9726 LZZ5HLNC9GD154060 2016 0 1+1 00 1894


86648 howo 5
ET
WALIGALA 1898

Daangaa itti fayyadamaa; fe’insaaf

Baaxii ittigaafatamummaa Dhaabbataa VIATPR

a)Du`aafQarshii 40,000 nama tokkoof

b)Miidhaa qaamaatiif Qarshii 40,000 nama tokkoof

C) Wal`aansa arifachiisaadhaaf hanga 2,000

D) midhaa qabeenyaatiif balaa yeroo tokkotiif qarshii 100,000

Baaxii itti gaafatamummaa Dhaabbatichaa kutaa2(b) waligaltichaa jalatti

D) du’aa fi Miidhaa qabeenyaatiif 00 ta`Itokkoof

Miidhaa qabeenyaatiuif 00 balaa tokkotti

Gurraandhala 12/2022 Chappaa Dhaabbata InshuuraansiibItoophiya


Asxaa qaba

Dhaabbata Madihin Itoophiyàa

Finfinnee Itoophiya

Lakk, xalayaa keenya: HAD/B1-133/07

Onkololeessa 10 Bara 2007. Websaaytii:- www.eic.com.e

Mootummaa Fedaraala Dimookraatawa Ripaablika Itoophiyati Ministeera Haqaa

Waajira Mirkaneesaa fi Galmeesa Ragaalee

Finfinnee

Dhimmi :- Aangoo Bakka bu'ummaa kennuu ilaala

Ani Itigaafatamaa Dhaabbata Madihin Itoophiyaa kanin tahe obbo Wandoosan Ittafaa akkaataa
Labsii Dhaabilee Misooma Mootummaa hundeesuuf bahe lakk.25/1985 fi Labsii Dhaabata
Madihin Itoophiyaa hundeesuuf bahe Lakk.201/1987 tiin aangoo naaf kenameen miiseensa
Daayrektoreetii seeraa dhaabata keenyaa kan tahe Obbo Kaabtaamuu Nugusee Tirfee
Lakk.Hayyama 03-40967 Motummaa naannoo Oromiyaatiin Kenname Maqaa Dhaabata
Keenyaatii fi Dameelee isaatiin kaneen armaan gadii akka hojatu, akka raawatu kan
bakkabuufame tahuu mirkaneesa.

1. Bakkabu'aan Dhaabata Madihin Itoophiyaa fi dameewwan isaa kan jiranii fi kan fuuldura
banaman bakka bu'un Naanoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa keessa manneen murtii jiranitti
yeroo Dhaabanni keenya himatamus tahe yeroo himatu dhihaatee himannoo akka dhiheesu,
deebii akka kennu, akka falmu , mormii akka dhiheesu, yaada kakuu akka dhiheesu ,
oliyyannoon akka falmu, murtii akka raawachiisu, bakka buufamee jira.

2. Bakka bu'aan waajira mootummaa kamitu, waltajiiwwan, waldaalee Hojii gamtaa, Manneen
Murtii Hawaasummaa, waltajii maangudummaa araraa birati dhihaatee maqaa Dhaabata Madihin
Itoophiyaa fi dameelee isaatiin iyyaannaa akka dhiheesu, deebii akka laatu, akka falmu,
oliyyaannoo dhiheesee akka falmu bakka buufamee jira.

3. Dabalataanis maamiloonni Dhaabata Madihin Itoophiyaa fi dameewwan isaa sababii balaa


konkolaataatiin yookaan qabeegya uwwisa inshuraansii kenameef walqabatee himannoo
tiraafikaanis tahe himannoo yakkaatiin yeroo himataman ykn yeroo himatan waliigaltee
inshuraansii maamiltoonni dhaabata keenyaa wajiin qabaniin Dhaabanni keenya isaan faana
bu'ee falmuuf mirga waan qabuuf bakkabu'aan maqaa dhaabata keenyaatiin himannoo akka
dhiheesu, deebii fi falmii akka godhu, oliyyannoo dhiheesuun akka falmu kan bakka bu'e tahuu
isaa mirkaneessaa Aangoo bakkabu'ummaakana keneetiifan jira.
Nagaa wajiin

Mallattoo hindubifamne qaba

Wandoosan Ittafaa

Hojigageesaa/ittigaafatamaa

Chaaphaa geengoo korporeeshinii Madihin Itoophiyaa jadhu qaba

Chaaphaa geengoo Ministeera Haqaati waajira Galmeesa fi Mirkaneesa Ragaalee jadhu qaba

Lakk.bilbilaa +251-1-5512400, Faaksii,+251-1-5517499, poostaa:2545, Finfinnee Itoophiyaa

Imeelii-eic.mdxvs@ethionet.et

You might also like