You are on page 1of 8

Guyyaa 12/02/20)

Mana Mourtii Aanaa Mattuu tiif

Mattuy

> Himattuun Adde Geexee Gizaawu Teessoon Magaalaa mattuu ganda Qoolloo Kormaa

> Bakka bu’aan Abukaatoo seera Tasfaayee Taaddesee > Himatamaan Tamasgeen Naasir Teessoon
Magaala Mattuu Ganda Qoolloo kormaa

Himatamaan ammaa Mana jireenya koo magaalaa Mattuu ganda qoolloo kormaa keessatti, Lafa.

KM?-116 irratti ijaaramee jiru, daangaan isaa Bahaan Q/M/yesuus,Lixaan

Abebbee,Kaabaan,Karaa,kibbaan Q/M/yesuus, kan daangeffamu,kartaa iddoo mana kooti Lakka


3162/03/2012 ta’e, himatamaan kaartaa iddoo maqaa kootiin ture kana Maqaa koo haqee gara

maqaa isaati jijjirratee mirga koo sarbee waan jiruuf,kartaa iddoo kana gara maqaa koo ti akka

naadebisuuf himata dhiyaate

> Himatamaan kun dandeetii seera hin qabu hin jedhamne.

> Manni murtii kun himata kana fuudhee ilaalee murtii kennuuf aangoo ni qaba.
> Himata kana kara abukaatoo kootiin falmadha. > Himati kun himatamaa kanaaf kara Bulchiinsa ganda
Qoolloo Kormaatiin naaf qaqqaba.

Tarreen himataa 4

Himatamaan kun mucaa adadaa kootii waan ta’eef ani immoo jaartii duloomtuu waggaa 85 olii waan
ta’eef, amman lubbuun jirutti akka naxooruuf nagargaaaruuf jedhee .bara 2012 xumura keessa mana
jireenya koo lakka kaartaa 3162/03/2012 gaafa 04/09/2012 naaf kennamee, lafa Km?-116 irratti
ijaarame kan beekamu, daangaan isaa Bahaan Q/M/yesuus,Lixaan Abebbee,Kaabaan,Karaa,kibbaan
Q/M/yesuus kan daangeffamu

himaatamaan = shira xaxuudhaan, waligaltee bakka bu’iinsa an gaafa 02/11/2012 Lakka.01-14157


kenneefii,

gaafa 10/09/2015 Lakka 02-006481 irraa hagee , da’oo godhachuudhaan,qabatee mirga abba
qabeenyummaa

koo nasrabee kan jirudha. Himatamaan naxoora jedhee kanan abdadhe, abdii koo irratti gatee akkan
mirga koo dhabu nataasisee an bakkeeti akkan kufu godhee gocha ameenyummaa_ narrati raawwatee,
Manaa koo booroodhaas mana Sarbiisii kutaa saddi kan an qabu ture,kireessee galii irraa aargachaa kan
ture himatamaan diiguudhaan dhabamsisee waan jiruuf manni murtii kun, An jaartii deggeramu qabu
ta’uun koo seeran kandegeramu ta’uun koo

naaf hubatee ,iddoon itti kufus waan hinqabneef, kartaan abba qabeenyummaa koo akka

himatamaan gara maqaa kooti naaf deebisuuf himata dhiyaate.

Seerummaan : aaffadhu 1. Himatamaan kun nagowoomseekaartaa qabiyyee koo seeran ala garaa
maqaa_issaatti
geeddaratee mirga abba qabeenyummaa koo waan nasarbeef ,qabiyyee koo ta’e irratti

Maqqa koo hagsisee kaartaa maqaa isaatiin hojechifatee jiru akka haqamu, akka itti

naaf murtaa’u, nan gaafadha. jijji hojjetame haqamee,kaartaan abba

qabeenya haaraan maqaa kootiin baasii isaatiin hijjechiisee akka nasimachiisu akka naaf

murtaa’u nangaafadha. 3. Sababii himata kanaa baasiif kisaaraa narra ga’ee jiru, kan abbaa seerummaa,
taarifa

jiruun ,kan abukaatoo % 15nii fi durgoo oolmaa mana murtii dabalamee itti murtaa’ee

akka naaf kanfulchiisu nan gaafadha.

Himati koo kun bu’uura SDFHH.Lakka 92(1) tiin dhugaa fi sirrii ta’uu nan mirkaneessa. ifttésTNNTV

Guyyaa — 21/03/2016

urtii Aanaa Mattuu tiif

Mana M

Mattuu Himattuun — Aadde Geexee Gizaaw


Teessoon — Magaalaa Mattuu Ganda Qoolloo Kormaa Abukaatoon — Obbo Tasfaa ee Taaddasaa
Himatamaan — Obbo Tamas: een Naasir

Teessoon — Magaalaa Mattuu Ganda Qoolloo Kormaa

Abukaatoon — Addiisuu Abdiisaa Himannaa Himattuudhaan Narratti Dhiyaate Irratti Deebii Ittisaa
Bu’uura SDFHH Keewwata

234 tiin Narratti Dhiyaate dha. Lakk. Galmee — 33755

I’oon Dhimmaa

Mana Jireenyaa Qabiyyee Lafaa 116M2(Kaaree Meetira Dhibba Tokkoo fi Kudha Jaha) Tahe Irratti
Jjaaramee Jiru. Daangaan Isaa: Bahaan Q/Makaana Yesuus,Lixaan_Abbabee,Kaabaan

Karaa,Kibbaan Q/M/Yesuus tiin Daangeffamu Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Lakk. 3162 /03/2012

Naaf Deebisu Jechuudhaan Himannaa Dhiyaate Yommuu Tahu Anis Himatamaan Himannaa Narratti
Dhiyaate Irratti Bu’uura SDFHH Keewwata 234 tiin Akka Itti Aanutti Deebii Ittisaakoo

Dhiyeeffadheen Jira.

Mormii Sadarkaa Duraa

1. Himattuun Qabeenyaa Manaa Kana Irraa Dantaa Hin Qabanu. Qabeenyaa Manaa Dantaas Tahe Mirga
Irraa Hingabnetti Haalli Isaan Himannaa Itti Dhiyeessan Waan Hin Jirreef Himannaan Isaanii Bu’uura
SDFHH Keewwata 33(2)(3)tiin Dantaa Irraa Hinqabani Jedhamee Kufaa Akka Naaf Tahu Kabajaanan
Gaafadha.
Himattuun Qabeenyaa Kana Kan Naaf Kennite Bara 2012 Yommuu Tahu Haatahu Malee Erga Mana Kana
Naaf Kennitee Waggaa Afur Darbee Jira. Haatahu Malee Kennaan Tokko Naaf Haa Haqamu Jechuudhaan
Gaaffiin Kahu Kamiyyuu Waggaa Lama Keessatti Yoo Mana Murtiitti Hin Dhiyaanne Fudhatama Kan
Hinqabnee fi Bu’aa Kan Hinqabaanne Tahuu Tumaa Seera Hariiroo Hawaasaa Keewwata 2441 Irratti
Ifatti Tumamee Jira. Kanaafuu Himannaan Narratti Dhiyaate Kun Bu’uura SDFHH Keewwata 244(2)(E) tiin
Kufaa Akka Nuuf Tahu Kabajaan Gaafanna.

Himattuun Qabeenyaa Manaa Kana Irraa Dantaa Hingabaniif Malee Utuma Dantaa Qabu Taheeyyuu
Akkaataa Seera Hariiroo Hawaasa Keewwata 1810 (2) fi Murtii Dirqisiisaa Manni Murtii Waliigala
Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa Murteesse Jildii 12ffaa Lakk. Galmee 48012 tiin Darbiinsa Yeroo
Waggaa Lamaatiin Daangaha Jedhamee Kufaa Akka Naaf Tahu Kabajaanan Gaafadha. Kabajamaan
Mana Murtii Mormiikoo Sadarkaa Duraa Irra Na Duraa Hin Darbu Jedheen Amana Mormiinkoo Kan Irra
Na Duraa Darbamu Yoo Tahe Deebiinkoo Kan Itti Aanu Taha.

Deebii Filannoo 1. Himannaan Himattuun Narratti Dhiyeessan Dhugaarraa Kan Fagaatedha. Himattuun
Kanaaf

Mucaa Adaadaa Ishee Waanan Anis Akkuma Mucaa Tokkootti Dirqama Narraa Barbaadamu
Akkawookoo Kanaaf Raawwataa Kanan Jiru Yommuu Tahu Qabeenyaa Himattuun Ittiin Na

Himatte Kana Akka Isheen Ittiin Na Himataa Jirtu Shira Xaxee Osoo Hin Taane Himattuu

Kana Akka Mucaa Tokkootti Waanan Gargaaraa Jiruuf Waliigaltee Kennaa Gaafa 17/09/2012
Gaggeessameen Dhiibbaa Tokko Mallee Bakka Ragoonni Jiranitti Fedha Ishee Guutuudhaan Naaf
Kennitee Ragoota Birattis Fedha Ishee Guutuudhaan Naaf Mallatteessitee Jirti. Kennaa (Dhaamoo)
Himattuun Kun Naaf Kennite Booddees Himattuun Kun Waajjira

Abbaa Alanagaa Godina Iluu Abbaa Booraatti Bakka Bu’iinsa Himattuun Naaf Kenniteen

Lakk. 01-14157 Tahe Irratti Gaafa 02/11/2012 Naaf Kenniteen Ragaa Abbaa
Qabeenyummaa Mana Kanaa Yoon Barbaade Gara Maqaa Kootiitti Akkan Naannessu Bakka Bu’iinsa
Naaf Kennitee Jirti. Ani Adeemsa Kana Keessa Darbuudhaan Qabeenyaa Manaa Kana Fudhachuu Kanan
Dandahe Malee Gochi Shiraa Ani Himattuu Kana Irratti Raawwadhe Hin Jiru Kanaaf Ammoo Ragaa
Gahaan Qaba. Qabeenyaa Kana Ammo Fedhaf Waliigaltee Himattuutiin Malee Dhiibbaan Ani Himattuu
Irraan Gahes Hin Jiruu Gochi Shiraa Ani Himattu Kana Irraan Gahes Hin Jiru Kun Dhugaarraa Kan
Fagaatedha. Kennaa Himattuun Naaf Kennite Kana Irratti Hundaahee Baasii Hedduu Baasuudhaan
Adeemsa Seeraaf Qajeelfama Lafa Magaalaa Jiruun Gandarraa Kaasee Hanga Gaazeexaa Kallacha
Oromiyaatti Deemee Baasii Hedduu Baasee Mana Kana Irratti Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Itti
Hojjechiifadheen Jira. Dhugaan Kun Osoo Jiruu Himattuun Akka Waanan Shiraan Qabeenyaa Manaa
Kana Dhuunfadheetti Haala Kanaan Na Himachuun Ishee Dhugaarraa Kan Fagaatedha Waan Taheef
Kufaa Akka Naaf Tahu Kabajaanan Gaafadha.

Himattuun Himannaa Ishee Keessatti Kahuumsa Godhachuun Kan Isheen Na Himatte “Na Xooruuf Na
Gargaaruuf Jedhee Kenneefii Kanas Abdii Godhadhee Mana Kenneefii Kan Jedhan Ilaalchisees:
Himattuun Gamtokkoon Mana Kana Fedha Isaaniitiin Kan Naaf Kennan Tahuu Amanaa Gamtokkoon
Ammoo Shiraan Na Harkaa Fudhate Jechuudhaan Falmaa Jiru Kun Ammoo Himannaan Isaanii
Amanummaa Kan Hingabne Tahuutu Hubatama. Ani

Himatamaan Himattuun Kana Kan Naguddistee Waan Taateef Akka Mucaatti Qarqaarsa

Barbaachisaa Kanan Gochaafii Jiruuf Deeggarsa Barbaachisaa Godheefiii Hanga Ammaattillee Kanan
Xooraanii Jiru Yommuu Tahu Dirqama Narra Jiru Sirriitti Bahaafij Kanan Jiruuf Tahuuu Kootiifillee Ragaa
Gahaan Qaba. Ani Himattuun Kun Sababa Mana Kana Naaf Keenniteef Qofaa Osoo Hin Taane Fira
Dhiigaakoo Waan Taateef Qallaba Barbaachisaa Kennaafii Deeggaraanii Kanan Jira Yommuu Tahu
Bu’uuruman Dirgama Seeneetiinillee Sirriitti Gargaaraanii Kanan Jirudha. Ani Himatamaan Himattuu
Kana Xooraa Qallabaaniin Jira Malee Badii Hinqabuuf Malee Utuman Badii Qabaadheellee Akkaataa
Seerri Hariiroo Hawaasaa Keewwata 2458(1) tiin Dirqama Koo Akkan Bahu Nagaafatti Malee Erga Mana
Kana Naaf Kennitee Booddee Qallaba Naaf Kennuu Didee Na Xooruu Dide Jechuudhaan Ragaan Abbaa
Qabiyyummaa Ani Bu’aa Bahii Hedduu Keessa Darbee Itti

Baafadhe Akka Haqamu Nagaafachuuf Mirga Hinqabdu Waan Taheef Kufaa Akka Naaf Tahu Kabajaanan
Gaafadha.
. Ani Himattuu Kana Jalaa Wantan Mancaases Hin Jiruu Qabeenyaa Manaa Isheen Naaf

Kennite Bifa Haaraadhaan Fooyyeessee Ijaarradhee Kanan Keessa Jiraataa Jiru Malee

Qabeenyaan Jalaa Mancaases Hin Jiruu Himannaan Kunillee Dhugaarraa Kan Fagaateedha

Waan Taheef Kufaa Akka Naaf Tahu Kabajaanan Gaafadha.

. Himattuun Ragaan Abbaa Qabiyyummaa Garakootti Akka Naaf Deebihu Jechuudhaan Himannaa
Narratti Dhiyeessiteefillee Kunillee Bu’uura Seeraa Hin Qabu Sababani Isaa: Qabeenyaa Manaa Kana
Akkan Fudhadhee Ragaa Abbaa Qabiyyummaas Maqaa Kootti Akkan Baafadhu Erga Naaf Keennitee
Booda Adeemsa Kana Keessatti Mana Dulloomaa Duraan Ture Diigee Akka Haaraatti Ijaarradhee Baasii
Hedduu Itti Baasee Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Maqaa Kootiin Itti Hojjechiifadhee Osoon JIreenya Koo
Itti Gaggeessaa Jiruu Erga Naaf Kennitee Booda Mannikoo Naaf Haadeebihu Jechuun Qabeenyaa Namni
Tokko Horateetti Karaa Qaxxaamuraatiin Seeraan Ala Badhaadhuuf Himannaa Dhiyaate =dha Waan

Taheef Himannaan Himattuun Dhiyeessite Seeraan Ala Jedhamee Kufaa Akka Naaf Tahu Kabajaanan
Gaafadha.

Walumaa Galatti Himattuun Kun Fedha Ishee Guutuudhaan Bakka Ragoonni Jiranitti Qabeenyaa Manaa
Duraanii Ture Daangaan Isaa Himannaa Keessatti Caqasame Kana Naaf Kennitee(Naaf Dhaamtee) Kaatee
Ergan Baasii Hanga Kana Itti Baasee Mana Haaraa Ijaarradhee Adeemsa Hedduu Keessa Darbee Ragaa
Abbaa Qabiyyummaa Itti Baafadhee Waggoota Shanii Oliif Keessa Jiraataa Osoon Jiruu Balleessaa
Tokkoyyuu Osoon Hin Raawwatin Himannaa Bu’uura Seeraa Hingabne Kan Narratti Dhiyeessite Waan
Taheef Himannaan Ishee Kufaa Akka Naaf Tahu Jechaa Akka Itti Anutti Seerummaa Armaan Gadii
Gaafadheen Jira.

Kanaafuu Seerummaan Ani Kaba‘amaa Mana Murtii Kana Gaafadhu

1. Himannaan Himattuun Narratti Dhiyeessite Deeggarsa Seeraa Hin Qabu Jedhamee Bu’uura SDFHH
Keewwata 33(2)(3) tiin Kufaa Akka Naaf Tahu Kabajaanan Gaafadha.
2. Himattuun Badii Tokko Malee Na Himatteef Baasiif Kisaaraadhaaf Na Saaxilteef Baasiif Kisaaraa Narra
Gaheef Akka Naaf Kaffaltuuf Akka Itti Naaf Murtaahu Kabajaanan Gaafadha.

Deebiin Ittisaa Ani Dhiyeeffadhe Dhugaa Tahuu Bu’uura SDFHH Keewwata 92 tiin Mallattoo Kootiin Nan
Mirkaneessa.

You might also like