You are on page 1of 12

Lakk _____________________

Guyyaa ___________________

Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa


Aanaa/Magaalaa____________________tiif
_________________

Dhimmi :- Duub – deebii Gamaaggama Raawwii Hojii Waggaa kan


bara 2010 Isiniif Kennuu Ilaala.
Gamaaggama raawwii hojii waggaa kan bara 2010 Waajjirri DMG
Godina Harargee Bahaa raawwii Aanaalee 20 fi Bulchiinsa Magaalotaa 4
waliin kurmaana kurmaanaan gaggeeffamaa turee fi gamaaggama kurmaana
4ffaa fi kan xumura waggaa kan bara 2010 sadarkaa Godinaatti
gaggeeffamaa ture duub-deebii Qopheessuudhaan xalayaa
Gaggeessituu fuula ____ Qabdu Tanaa waliin wal qabsiifnee kan isiniif
ergine tahuu keenya isin beeksisaa , hanqinaalee akka Aanaa fi
Magaalaatti gamaaggama bara 2010 keessatti addaan bahan galtee
godhachuudhaan karoora bara 2011 keessatti akka irratti hoojjettan isin
hubachiifna

“Nagayaa Wajjiin “
Seensa
Waajjirri Daldalaa Fi Misooma Gabaa Godina Harargee Bahaa Gamaaggama Hojii Kurmaana
Kurmaanaan Gaggeessaa Turreera, Haaluma Kanaan Bara 2010 Kana Keessatti Gamaaggama
Hojii Karaa Sadiin ( 3 )’N Gaggeessaa Turreera.

1. Karaa Koomaandipoostii Waajjirichaatiin Bilbilaan Guyya Guyyatti


Hojiilee Hoojjatamu Hundaaf Kallattiin Kaa’amaa Tureera.
2. Karaa Suppervisioniitiin Ogeessootni Waajjira Qaamaan Gad Bu’uun Haala
Hojii Waajjirichaa Qoratanii Rakkoolee Addatti Mudatan Irratti Kallattii
Kaa’aa Turaniiru.
3. Gamaaggama Hojii Gaggeessuuf Aanootaa Fi Magaaloota Godina Keenya
Keessatti Argaman Ol Yaamuun Gabaasa Isaanii Akka Dhiheessan Gochuun
, Hojii Keessatti Hanqinaa Fi Cimina Mul’ate Irratti Hundaa’uun Kallattii
Qabsiisaa Turreera. Akkasumaas Haala Karoora Fuula Duraa Irratti
Kallattiin Kaa’amaa Tureera.

Kanuma Irra Dhaabbachuun Waajjirri Daldalaa Fi Misooma Gabaa Haala


Raawwii Hojii Bara 2010 Aanootaa Fi Magaaloota Keenyaaf Duub – Deebii
Qindeessineerra.

Kanaaf Hanqinoota Duub – Deebii Kana Keessatti Tuqaman Galtee Karoora Bara
2011 Godhattanii Irratti Hoojjachuun Barbaachisaa dha.
Duub-Deebii Bara 2010 Aanaalee/Magaalota Godina Keenya Keessa Jiraniif
Kenname
Ciminoota Mul’atan
 Riformii Daldalaa Lafa Qabsiisuuf Galmeessaa Fi Hayyama Hojii Daldalaa Haarayaa Kennuu Fi
Hayyama Hojii Daldalaa Haaromsuu Ilaalchisse Akkaataa Karoora Qabameetin Raawwatamu Isaa
Aanaalee/Magaalota Hedduu Keessatti Raawwiin Jiru Gaarii Ta’uu Isaati.
 Daldaltoota Seeran Alaa Hojjataa Turan Hedduu Gara Seera Qabeessatti Fiduu Aanaa/Magaalaan
Hoojjatame Jajjabeessaa Ta’uu Isaa.
 Riformii Daldalaa Lafa Qabsiisuuf Hojiin Deeggarsaa Fi Hordoffii Aanaalee Fi Magaalota Godina
Keenya Keessatti Argamaniif Kennamaa Ture Gaarii Ta’uu Isaa.
 Labsii ,Dambii Fi Qajeelfama Sirna Galmeessaa Fi Hayyama Hojii Daldalaa Irratti Hubannoon
Kennamaa Jiru Jalqabbiin Gaarii Ta’uu Isaati,
 Labsii, Qajeelfamni Fi Maanuwaalii Sirna Raabsaa Meeshaalee Bu'uuraa Bahe Aanaalee Fi Bulchiinsa
Magaalootaa Biratti Hubatamaa Kan Dhufee Ta’uu Fi Hojii Qabatamaatti Hiikaa Kan Jiraan Ta’uu.
 Hojii Adeemsichaa Karoora Waajjiraa Waliin Wal Simsiisuun Raawwii Hordofaa Deemuu Fi Rakkoo
Raayyaan Qorachaa Deemuu
 Dhiheessi Dhufu Iftoomina Akka Qabaatu Gochuu Fi Yeroon Hawwasa Akka Gahu Gochuuf Akkaataa
Dhufeen Bilbilaan Karaa K/Poostii Fi Barruudhaan Akka Dafee Aanaalee Qaqqabu Gochuu
 Rakkoon Walxaxaa Dhiheessa Firaankoo Waliin Wal Qabatee Jiru Rakkichi Sadarkaa Aanaatti
Qoratamee Furmaata Kennuuf Lafarra Harkifachaa Ture Yeroo Ammaa Hoggansi Jiru Hojii Kamiyyuu
Caalaa Xiyyeeffannoo Itti Kennuun Koree Fi Loojestiikii Ramaduun Qorannaa Eegaluu.
 Ragaaleen Dhiheessii Haala Aammayaa Taheen Ragaan Jiru Sirna Daataan Akka Qindaawu Gochuu Fi
Sirna Itti Gaafatamummaa Qabu Akka Diriiru Taasisuu.
 Birookiraasii Dheeraa Dhiheessitoota Biratti Mul’atu Akka Xiqqaatu Gochuuf Qorannoo Gaggeeffamee
Irratti Hundaawee Ded-deebiin Akka Gabaabbatu Gochuu Mariin Sadarkaa Sadarkaan Eegaluu
 Rakkoo Dhiheessii Shukkaaraa Yuniyeenii Lama Qofti Dhiheessaa Ture Zooniidhaan Adda Qooduun
Akka Godinaatti Zoonii Sadiin , Zoonii G/Mul’ataa Yuniyeenii Dabbaal , Zoonii Oborraa
Yuuniyeenii Oborraa Fi Zoonii Naannawa Harar Yuniyeenii Afran Qalloo Akka Dhiheessu
Naannoo Waliin Tahuun Haalli Akka Mijjaawu Gochuun Rakkoon Gama Kanaan Ture Akka Furmaata
Argatu Haala Mijeessuu Eegaluu.

Hanqina Mul’ate
 Dhiheesii karaa Mootummaa
 Dhiheessi Zayita Nyaataa karaa Waarshaa Zayita Hammaareessaa dhufu akkaataa karoora
taa’een ji’a ji’aan dhihaachuu dhabuu fi kan dhufus duubatti harkifatee dhufuu
( Sadaasa,Amajjii , Bitootessa fi Waxabajjii ) osoo hin dhihaatiin hafuu. Waarshaa Zayita
Hammaarreessaa biratti .
 Kan dhihaate Aanaalee fi Magaalonni dafanii akkaataa kallattii taa’een yeroon geejibanii
hawaasaan gahuu irratti rakkoo bal’aan mul’achuu ( kallattii taa’een kootaan erga
beeksifamee booda torbaan tokko keessatti akka ka’u yeroo tahu garuu Aanaaleen muraasni
hanga ji’a tokkoo tursiisuu). FKN Aanaa Kobolchaa , Baddannoo, M/Bal’oo ,G/Muxii ,
Aanaa Dadar, Aanaa Baabilee ,K/Callee, Qarsaa, A/Haramayaa ) dafanii kaasuu
irratti warra duubatti harkifatan keessaa ti.
 Dhiheessitoota Zayitaa sababa tokkoon alatti ji’a ji’aan jijjiiruu fi sababii itti ji’jjiiran murtii
koree Tasgabbii gabaa beeksisuu dhabuu. ( Malkaa Baloo, A/Haramayaa, Gurawa, Fadis,
Jaarsoo ) .
 Dhiheessiilee Kanneen hawaasa gahuu fi gahuu dhabuu akkasumas dhiheessitoonni gatii
gurgurtaa murtaa’een hawaasaaf gurguraa jiraachuu fi sirriitti hawaasa bira gahuu isaa
hordofuu irratti qaawwi bal’aan jiraachuu. Aanaa hunda biratti
 Dhiheessitoonni yeroo gara Godinaa dhufan Nagahee, Xalayaa Waajjira DMG fi bakka
bu’insa osoo hin qabaatne gara Godinaa erguun keessumeessuu irratti hanqinni bal’aan akka
uumamu gochuu fi abbaan dhimmaa Godinaa fi Aanaa giddutti akka deddeebi’u taasisuu
( Aanaa Baddanoo, Qarsaa, A/Baabilee, Fadis, K/Calle).
 Dhiheessi Shukkaaraa bara kana rakkoo hanqina dhiheessii akka walii gala biyyatiitti jiraatus
hanga ammaatti bara kana marsaa afur qofa dhiheessuun rakkoon dhiheessii Godinichaa
daran akka hammaatu tahuu.
 Dhiheessa Shukkaaraa waliin wal qabatee Yuniyeeniin lamaan rakkoo sababa baasii adda
addaa sababeeffachuun dhiheessa kanaaf xiyyeeffanoo kennuu dhabuu. Keessaahuu
Yuniyeenii Malkaa Bal’oo. Sababa qabatamaa hin qabneen Shukkaara kana Hawaasaaf
dhiheessuu caalaa gara Bizinessii Yuniyeenichaa irratti xiyyeeffachuu FKN Buna Bitamee
rakashuun Kaappitaala nurraa qabe jechuu fi hojii School Feeding jala deemuu.
 Yuniyeeniin Malkaa Bal’oo rakkoo Kaapitaalaa sababsachuun shukkaara marsaa 51ffaa
hanga baatii lamaa ol osoo hin dhiheessiin tursiisuu fi yeroo dhiheesus kootaa irraa hir’isanii
dhiheessuu.
 Aanaaleen osoo hanqinni dhiheessa Shukkaaraa hawaasa bira jiraachuu beekanii Yuniyeenii
Malkaa Bal’oo irraa fudhatan dafanii Yuniyeenii irraa kaasanii hawaasaaf dhiheessuu
dhabuun gahee isaanii bahuu caalaa shukkaarri hin dhiyaanne jechuu haasawa waltajjii qofa
godhachuu ( Aanaa Malkaa Bal’oo , Dadar, G/Muxii, Meettaa,G/Guutuu, Gurawa,
K/Callee fi Mayyuu).
 Haalli Qoodinsa Dhiheessii akka Godinaatti itti deemamaa ture rakkoo bal’aa qabaachuu
FKN Aanaan K/Callee fi Mayyuun Yuniyeenii Malkaa Bal’oo irraa akka fudhatu
gochuun karoora sirrii akka hin taanee fi baasii dabalataa hawaasicha irratti akka dabalu
gochuu.
 Dhiheessa Daakuu waliin wal qabatee bara kana rakkoo sharafa alaa waliin wal qabatee
kootaa dhihaachuu qabu keessaa kan ji’a Bitootessaa fi Eblaa % 50 qofa Aanaaleef
dhihaachuu.
 Dhiheessi Daakuu kan ji’a Caamsaa Waarshaa sadeen irraa dhihaatu kan Waarshaa
Afriikaa irraa dhihaatuun alatti Waarshaan hafan lameen ( Mahaammad Abubakarii fi
Aniidawaa) sababa dhiheessa Qamadii Dheedhiin akka biyyaatti dhihaachuu dhabuun
Aanaalee Waarshaa lamaan kana irraa fudhatan ( Aanaa 16 ) hanga ammaatti Daakuun ji’a
Caamsaa dhihaachuufi dhabuu.
 Dhiheessitoonni Jimlaa erga Daakuu dhiheessanii Daldaltoota Manneen Daabboo tiif
dhiheessanii booda kiliiraansii dafanii kennuu dhabuu Aanaalee hunda biratti calaqqisa.
Keessahuu ( Aanaa M/Bal’oo, G/Odaa , Qumbii,G/Muxii )
 Dhiheessa Daakuu Manneen Daabbootiif yeroo kennamu haala hojii irra oolmaa isaa
hordufuu dhabuun Manneen Daabboo Giraama xiqqeessanii hawaasaaf gurguraa jiraachuu fi
kana irratti hordoffiin taasifamaa jiru laafaa tahuu keessaahuu ( Aanaa Kombolchaa,
M/Baabilee, Guraawa, G/Odaa, Baddannoo, M/Haramayaa, M/Awwadaay fi Gursum )
 Kiliiraansii Daakuu dhihaatu irratti Daldaltoonni Manneen Daabboo Daakuu isaan gaheef
Kiliiraansii irratti Lakkoofsa Bilbilaa Manneen Daabboo barreessuu dhabuu fi Mallattoon
dhufu Qalama gosa tokkoon Fakkeessanii mallatteessuun erguun rakkoo hammaataa
dhiheessitoota Jimlaa Daakuu biratti bal’inaan kan jiru tahuu ( Aanaa Meettaa,
M/Awwadaay, Guraawa, Gursum, Mayyuu, M/Tolaa, Fadis ).
 Dhiheessitoonni Daakuu gatii koreen tasgabbii Gabaa Aanaa murteessituun alatti gurguruuf
yaalii gochuu fi baasii Qajeelfamaan fudhatama hin qabne dhiheeffachuu yaaluu ( Aanaa
kurfaa Callee,Gursum).

2/ Dhiheesii karaa Firaankoo Vaalutaa waliin wal


qabatee jiru
 Dhiheessitoonni rakkoo Sharafa alaa ( Dolar) waliin wal qabsiisuun akkaataa karoora taa’een
ji’a ji’aan Meeshaa Aanaaleef dhiheessuu qaban dhiheessuu dhabuu ( Aanaa Cinaaksan,
Mayyuu, Qumbii, G/Odaa,Jaarsoo, Gursum )
 Dhiheessitoonni Meeshaa dhihaachuu qabu kan hawaasni barbaadu caalaa kan bu’aa isaaniif
qabu irratti qofa xiyyeeffachuu ( fkn Daakuu fi Mokoronii dhiheessuu dhabuu).
 Dhiheessitoonni irra caalaan hanqina Kaappitaalaa fi dandeettii raawwachiisummaa waliin
wal qabatee akkaataa barbaadamuun socho’uu irraatti raawwiin isaanii irra caalaan dadhabaa
tahuu ( Dhiheessitoota Aanaa Mayyuu, Qumbii,Jaarsoo, Gursum ,Cinaaksan )
 Dhiheessitoonni Waldaaleetiin jaaraman keessoon Waldichaa rakkoo hammaataa
qabaachuun koreen Waldichaa kaappitaala Waldayaa Qisaasuu fi rakkicha qoratanii
sirreessuuf xiyyeeffannoo fi murannoon jiru rakkoo hammaataa qabaachuu ( Aanaa
Cinaaksan Waldaa Murtii Guutoo , Aanaa G/Guutuu Waldaa Furtuu Rakko, Aanaa
Mayyuu Waldaa Qaama Miidhamtootaa, Aanaa Baabilee Waldaaya Hojjettootaa )
 Dhiheessitoonni Meeshaa yeroo Gumuruka irraa baasanii gara Aanaatti ergan Meeshaa biraa
waliin makuu fi gara biraatti gurguruu ( Aanaa Jaarsoo Rakkoo Baas , Aanaa Qumbii
Qarshii Alii, Aanaa Miidhagaa NAKA Food supply, Aanaa G/Guutuu Hawwii
Guddinaa ).
 Koreen Tasgabbii Gabaa Aanaa Kiliiraansii mirkaneessuu irratti xiyyeeffachuu ala
dhiheessichi sirnaan hawaasa gahaa jiraachuu hordofuu fi to’achuu irratti hanqinni bal’aan
sadarkaa sadarkaan jirachuu.
 Kiliiraansiin Aanaalee irraa dhufu Qulqullina kan hin qabnee fi raga jiru waliin mirkaneessuu
irratti hanqinni bal’aan jiraachuu fi sirreessuuf dhiheessitoonni akka dararaman gochuu.
 Aanaaleen kiliiraansii yeroo kennan dhiheessa ji’a sagalii ol tureef yeroo kennan sababa itti
ture ifa gochuu dhabuu (Cinaaksan Qubii fi Mayyuu ).
 Hordoffii fi To’annaan gama kanaan jiru kallattii hundaan xiyyeeffannoon laafaa tahuun
dhiheessichi kaayyoo fi bu’aa hawaasa bal’aa fayyaduuf hayyamameef caalaa bu’aa
dhiheessitootaa akka eegu taasisuu.
 Ilaalchii fi gochi Kiraa sassaabdummaa naannoo kanas irratti qaamni sadarkaa sadarkaan
raawwachiisaa jiru calaqqisu irratti murannoo fi xiiqiin irratti qabsaawanii sirreessuu caalaa
bakka bakkatti ifii keessatti makamanii argamuu.
 Walitti Hidhaminsi Mana Qalmaatiif (Qeeyra) Dhiyeesitoota Gogaa Fi Kallee Jidduu Jiruu
Laafa Ta’uu Aanoota Hunda Biratti Ni Mul’ata.
 Daldalaa Seeraan Alaa Beeyladaa Aanoota Hunda Biratti Guutumaa Guutuuttii
Dhabamsiisuu Dadhabuu
 Iddoo Turtii Beeyladaa Dhaabbii Seera Alaa A/Meetaa Irraatti Qophaa’uuf Karoorfamee
Ture Sababa Lafa Hin Qabnu Ja’uun Osoo Hin Qopha’iin Hafee Jira.
 Akka Godina Keenyaatti Beeylanni Dhaabbii Gabaaf Dhihachuu Danda’ani Kana Ol Tahuu
Kan Danda’uu Dha. Maaliif Dhihaachuu Dadhabamee Yommuu Januu, Inni Tokko
Daldaltoota Seera Alaatiin Gara, Soomaalee, Jibuutii, Wacaalee Fi Naannoo Olaa Hundatti
Deemuun, Nannooni Oromiyaa Beeylada Tanarraa Bu’aa Silaa Argachuu Qabdu Osoo Hin
Argatiin Haftee Jirti .
 Aanooni Beeyladaa Isaani Hundi Baraa 2010 Garaa Seera Alaatiin (Kotrobaandiin) Biyyaa
Alaatti Deemtee Pas-Parmiiti Takaatu Muranii Hin Beeyne Keessa ;- A/Cinaaksanii,
A/Kombolchaa, Aanaa Dadar, Aanaa Babilee ,M/Dadar, Aanaa Goroo Muxii, Aanaa
Haramaayaa, M/Haramaayaa Fi Aanaa Qumbii
 Aanoonii Beeylada Dhaabbii Gabaatti Dhihaattee Keessa Beeylada Muraasatti Pas-Parmiitii
Muanii, Beeyladaa Baayyeen Garaa Seera Alaatiin Gara Biyyaa Alaa Deemte;- A/Jaarsoo,
Aanaa Badanoo, Aanaa Gursuum, Aanaa Gurawwaa, Aanaa Meetaa, Aanaa Goroo Guutuu,
Aanaa Mayuu Fi Aanaa Golodaa
 Aanoonii Beeyladaan Dhaabbii Gara Seeratiin Pas-Parmiiti Muraa Turtee ,Garuu Bara 2010
Keessa Hanga Barbaadamee Osoo Itti Hin Deemamiin Hafani ;- A/Qarsaa, A/Malkaa
Balloo ,Kurfaa Callee ,Mayyuu Faadha .
 Aanoonni Hanqinni Baayyeeleen Haajiraatuu Fooyee Taha’e;- M/Babilee,Midhagaa Qofaa
.
 Aanaan /Bulchinsaa Magaalaa Iddoo Gabaa Beeylada Hin Qabnee ;- M/Awadaay.
 Aanoonni Yaro Takka Takkaa Owisee Pas-Parmiitii Muruun Yaroo Barbaadee Osoo Hin
Murree Biraa Darbuu ;- A/Meetaa, A/Goroguutuu,, A/Kurfacallee, A/Badannoo, A/Fadiis Fi
Kan Biraatiis
 Aanonni Idduma Gabaa Isaani Tohachuu Dhabuudhaani Fi Iddoo Gabaa Irraattii Guyyaa
Gabaa Bobahuu Dhabuun Daldaltootaaf Pas-Parmiiti Muraa Hin Jiree A/Kurfaa
Callee ,Malkaa Balloo Fi A/Dadar Faa dha .
 Aanaan Iddoo Tursiisa Beeyladaa Seera Alaa Keessati Ijaaruuf Karoorfamee , Eega
Baajannii Irratii Qabamee Booda Lafa Hin Qabnuu Yaada Ja’uun Baajanni Akka Gubatuu
Taasiftee A/Meetaati
 Anoonni Koree Komandi Poostii Daldala Seera Alaa Sadarkaa Aanaa Isaatti Inumaahuu
Hin Dhaabin
A/Meettaa ; A/Gooro Guutu, A/Gooromuxii, A/Midhagaa Tolaa A/Gursum
A/K/Callee A/Qarsaa A/Jarsoo A/Kombolchaa A/Cinaksan A/Babbilee
A/Baddannoo A/Golaodaa A/Qumbii A/Mayyuu M/Haramaaya A/Haramaaya
Faadha.
 Aanoonni Koree Komandipoostii Daldalaa Seera Alaa Dhaabuu Malee Hojii Keessa Hin
Galchiin ;A/Dadar, M/Babbilee, M/Dadar
 Aanoonni Karoora Koomandi Poostii Daldala Seera Alaa Beeyladaa Dhaabbii Godina
Irraa Gad-Bu’ee Irraa Dhaabbatanii Karoora Mataa Isaani Hin Qopheefatiin ;A/Hunda
 Aanoonni Dallaaloota Gabaa Keessa Baasuudhaaf Xiqqollee Tahu Tattaaffii Taasise
A/Baddannoo Fi A/Dadar dha , Aanoonni Hafani Dalaaloota Iddoo Gabaa Beeyladaa
Keesa Baasuudhaaf Tattaaffi Isaani Godhan Hin Jiu .
 Aanooni Iddoon Gabaa Beeylada Isaani Ulaaga Barbaachisaa Tatee Hunda Osoo Hin
Guuttatin Hafan Aanoota Hunda .
 Aanooni Hundinuu Iddoo Gabaa Qaban Hunda Irraatti Too’annoo Silaa Barbaachiftu
Hunda Gaggeessaa Akka Hin Jirre Supar-Vision Gaggeeffameen Adda Baafamtee Jirti .
1.Kurfaa Callee Biratti Hanqinni Mul’atu
 Hojii dame misooma gabaa midhaanii Karoora Irraa jalqabee hanga gabaasaatti akka
hojiitti fudhachuu dhabuu , Hojii Salphisan ilaaluudhaan Qophaa’ummaa Qabaachuu
Dhabuun , Kallattii mootummaa fi dhaabni kaa’e tarsiimoo fi galma waajjirichaaitti
amananii fudhachuu dhabuun, Hanga aanaatti Gad Bu’amee deeggarsaa fi hordoffiin
godhamuus rakkoo kana keessaa Bahuu Dhabuun Biratti Mul’ata. .
2. Aanaa gursum Biratti Hanqinni Mul’atu
 Oomisha Qonnaa irratti karoorfachuu fi irratti hoojjachuu Dhabuun Fkn Omisha Kudraa
fi Mudraa ,omisha midhaan ala- ergiii rratti karoorfachuu Dhabuu fi irratti hoojjachuu
dhabuun Bal’inaan biratti nimul’ata, Akkasumaas Iddoowwan giddu gala gabaa ijaarame
hojitti galchuu dhabuu, Hojii Damee Lamaan ii walqixa xiyyeeffatanii Itti Deemuu
Dhabuu, Carraa Hojii Dhaabbii fi Yeroo gosa Hojiitiin karoorfachuu fi Gabaasuu
Dhabuu, Daldaltoota Jimaa ,kuduraa fi Muduraa Gara seera qabeessaatti fiduu Dadhabuu.
3. MagaalaaBaabbileBiratti Hanqinni Mul’atu
 Iddoo gabaaa akka hundaa’u taasisuu fi karoora irrattiis qabachuu dhabuu,
Midhaanoomisha Ala –ergii saliixa Kan bitame malee kan gabaa giddu galeessaat iif
akka ergamuu fii hordafuun Gabaasuu dhabuun Biratti Mul’ata.
4. Aanaa Baabbilee Biratti Hanqinni Jiru
 Dame Misooma Gabaa akka hojiittii laaluu dhabuu .Kuniis aanaa oomisha Kuduraa fi
Muduraa ,Loowzii fi kkf niin beekkamaa ta’ee karoora waggaa irraa jalqabee hanga
gabaasaatti xiyyeeffannaadhaan hoojjachuu dhabuu , gabaasa ji’aakeessatti hojii
muraasa qofa gabaasuu Omisha mudraa investimantii aanaa keessatti argamuulee
hordafanii gabaasuu dhabuu, Hanga aanaatti gad bu’amee deeggarsi godhamee akka
gabaasan bilbilaan ,koomaandi poostiin irra deebi’amee akka kadhaatti ergaa itti
himames Salphisanii laaluudhaan danta dhabummaan biratti kan mul’atuu fi Galmaa fi
ergamaWaajjirichaa irra deebi’aniilaaluu fi hojitti hiikuuf danta dhabummaan Biratti
kanmul’a tu tahuu Isaaniiti.
5. Aanaa meettaa Biratti Hanqinni Mul’atu.
 Iddoowwan gabaa jimaa ,Omishaa alaa- ergii hundaa’e hojitti Galchuu
dhabuu .daldaltoota gara seeraatti fiduu dhabuu, Rakkoo bulchiinsa gaarii Hammaataa fi
Bal’aa Tiraafikaatiif Saaxilaman Lubbuu namaa gaaga’aa Kan Jiru Gabaa Daandii
makiinaa irratti gaggeeffamaa Jiru Abbaan Aanaa Jedhan Fudhataniii rratti
Karoorfachuu Dhabuu fi Hoojjachuu DhabuunBal’inaanMul’ata , Boloqqee Bara 2
Dura Haala gaarii irra ture Xiyyeeffannaa dhabuudhaan Gad bu’ee jira , Iddoo gabaa
Hojitti Galchuu Dhabuu, Too’annoo fi Hordoffii Iddoo Gabaa gaggeessuu Dhabuu.
Oomisha Midhaanii Waajjiroota Qonnaa ,Jallisii fi Kkfwaliin Qindoomanii irratti
Karoorfachuu Dhabuu fi Xiyyeeffannaa Itti Kennuu Dhabuun bal’inaan Biratti mul’ata.
6. Aanaa Haramaayaa Biratti
 Akka godinaatti aanaa oomisha kuduraa fi muduraatiin Beekkamu Ta’ee Osoo jiruu
xiyyeeffanna a kennuu Dhabuu, Oomisha Ukkaamsanii Gabaasa Keessatti baay’e e
xiqqaa Kan ta’e gabaasaa jiru. Xiyyeeffannaan Irratti Hoojjachaa Kan hin jirre Tahuu ,
Jimaa ilaalchisee karoora qabaatanillee gabaasa ciccitaa fi jala deemanii gabaasuu
dhabuun, Oomishni Boloqqee Bira jiraa tulle hordoffii fi deeggarsa gochuu dhabuun
abbummaadhaan gahee hojii waajjirichaa ta’uu beekanii irratti hoojjachuu dhabuun,
Walitti Hidhamiinsa Gabaa Uumuu Dhabuun Rakkoo Bulchiinsa Gaarii Biratti Ka’aa
Jiru Ta’uu , Daldaltoota Heyyama Kuduraa fi Muduraa Irratti Bobba’an Hayyama
Baasisiisuu Dhabuun Biratt i Ni Mul’ata.
7. Aanaa Guraawaa Biratti
 Oomisha Haaloa Qabatamaa Aanaatiin Jiru Karoorsuu fi Gabaasa Keessatti Hojii
Muraasa Qofa Gabaasuu, Iddoowwan Gabaa Jimaa Midhaan Irratti Hojii Tokkollee
OsooHin Hoojjatin Hafuu ,Fuula Duraas Irratti Karoorfachuu Dhabuu, Daldaltoota
Jimaa ,Kuduraa fi Muduraa irratti Bobba’an Heyyama Akka Baafatan GochuuDhabuu.
8 . MagaalaaHaramaayaa Biratti
 Iddoowwan Gabaa Oomishaa adda addaa irratti Haala Qabatamaa Magaalaatti , Gabaa
Daandii Makiinaa Irratti Gaggeeffamaa Jiru Rakkoo Bulchiinsa Gaarii Ta’e Ka’aa Ture
Kanarratti Xiyyeeffannaan Hoojjachuu Dhabuun, Carraa Hojii Uumame Gosa Hojiitiin
Addaan Baasuu Dhabuu.

10.Aanaa Jaarsoo Biratti

 Hojii Damee Gabaattii xiyyeeffannaa Kennuu Dhabuu fi Hojii Muraasa Qofa Irratti Xiyyeeffachuu,
Iddoo Gabaa Jimaa Ijaaruu dhabuun xiyyeefannaa kennu dhabuu M/A/Imaam Keessatti

11.Aanaa Kombolchaa Biratti

 Haala Qabatamaa Aanaatii fi Oomisha Kuduraa fi Muduraa , fi Jimaa Irratti


Raawwiin Jiru kan Nama Jajjabeessufi Gaarii Ta’ullee , Waantootni Hafan Baay’ee
dha.Kuniis Jimaan Walqabatee Daldaltootni Jimaa heyyama qabaachuu dhabuu idoo
gabaa itti fufiinsaan hojitti galchuu dadhabuu , Idoowwan Jimaa ,Sheediiwwan Hojitti
Galchuun Jalqabamullee Irratti Jajabaachuu fi Jiddu Gala Gabaa Sadarkaa Isaa
Eeggate Ijaaruuf Qophiin Jalqabamuu Qaba.

13.Magaala Awadaay Biratti

 Qophii Karoora Irraa Jaiqabee Hanga Gabaasaatti Omiisha Jimaa Biyya Kesaatii Fi
Biyya Alaa Adaan Baasanii Gabaasuu Dhabuun ni mulata , Daldalttoota Jimaa Irratti
Boba,an Gara Seeraa Fiduu Irratti Jalqabbiin Jiraatulle Ammallee Baayinaan Kan
Hafuuf Ta,uu Hubatamuutu irra Jiraata Fkn Raga Heeyyema Daldalttoota Jimaa AL-
Ergii yaro yaroodhaan hordafuudhaan gabaasu, galii jimaa irra argamu gabaasa cicitaa
ta’u Akka Hanqinatti Ilaaluu Irra Jiraata

15.Anaa Gooroo Guutuu Biratti

 Oomisha Haala Qabatamaa Aanaatiin Jiru Karoorsuu Dhabuu fi Gabaasa Keessatti Hojii
Muraasa Qofa Gabaasuu, ddoowwan Gabaa Jimaa Midhaan Irratti Hojii Tokkollee Osoo
Hin Hoojjatin Hafuu , Fuula Duraas Irratti Karoorfachuu Dhabuu, Daldaltoota Jimaa ,
Kuduraa fi Muduraa irratti Bobba’an Heyyama Akka Baafatan Gochuu Dhabuu,
Karoora Xiqqeessanii Qabachuun Biratti Ni Mul’ata, Xiyyeefanaan Oomisha Boloqqee
Irratti Taasifamaa Ture Baay’ee Gad Aanaa Ta’uu, Kuniis Too’annoo fi Hordoffii ,fi
Deeggarsi Yeroo dabree Godhame Wajjiin Yeroo Madaalamu Baay’ee Gad Aanaa Ta’ee
Argamee Jira , Aanoota Iddoowwan Gabaa Midhaan Ala Ergii Hojii Keessa Turanii
Yeroo Ammaa Hojii Dhaaban Hojitti Deebisuun Irratti Hoojjachuu Qabnu Keessaa :-

T.L Maqaa Aanaa Baay’ina Iddoo Gabaa Baayina Sheedi

1 Aanaa Gooroo Guutuu 2 6


2 Aanaa Meettaa 1 12
3 Aanaa Qarsaa 1 4
4 Aanaa Gursum 1 1
5 Aanaa Malkaa Balloo 1 3
6 Aanaa Dader 1 -
7 Aanaa Haramaayaa 2 -
 Aanootaa Fi Magaaloota Caasaa JEG Hoojjatanii WDMG Godinaaf Erganii Jiran
- Aanaa Dader , Kombolcha, Qarsaa , Magaalaa Dader , Malkaa Bal’oo , Kurfaa Callee,
Mayyuu Mulluqqee , Fadis , Gooroo Muxii , Gola Odaa , Magaalaa Haramaayaa

 Aanoota Fi Caasaa JEG Xumuranii Hanga Ammaattii Wdmgghbtiif Hin Ergin Akka
Armaan Gadiitti Dhihaateera.
- Aanoota Olitti Tuqame Malee Kan Hafe Hundi Kan Hin Ergin Tahuu Isaati.
 Aanootaa Fi Magaaloota Gabaasa Yeroo Isaa Eeganii Galchaa Jiran.
-
Aanaa Meettaa , Aanaa Dader , Malkaa Bal’oo , Gooroo Muxii , Qarsaa , Aanaa
Haramaayaa , Magaalaa Haramaayaa , Mag.Awwadaay , Fadis , Midhagaa Tolaa ,
Kombolcha , Jaarsoo , Aanaa Baabbilee , Mag. Baabbilee , Baddannoo , Kurfaa Callee
Guraawa , Mayyuu
 Aanoota Yeroo Gabaasaa Dabarsanii Galchan
- Aanaa G/Guutuu , Mag. Dader , Aanaa Gursum , Magaalaa Baabbilee

 Aanoota Fi Magaaloota Gabaasa Waggaa Kan Bara 2010 Hin Ergin


- Aanaa Qumbii fi Aanaa Gola odaa
 Aanootaa Fi Magaaloota Karoora Bara 2011 Erganii Jiran
- Aanaa Kombolcha , Magaalaa Haramaayaa , Aanaa Fadis , Aanaa Haramaayaa , Aanaa
Cinaaksan , Aanaa Midhagaa Tolaa , Magaalaa Aawwadaay , Aanaa Gooroo Guutuu ,
Aanaa Gooroo Muxii fi Aanaa Qarsaa

 Aanootaa Fi Magaaloota Karoora Bara 2011hin Ergin


- Aanaa Meettaa , Aanaa Dader , Magaalaa Dader , Aanaa Malkaa Balloo , Aanaa Jaarsoo
Aanaa Baabbilee , Magaalaa Baabbilee , Aanaa Gursum , Aanaa Cinaaksan , Aanaa
Baddannoo , Aanaa Kurfaa Callee , Aanaa Guraawaa , Aanaa Qumbii , Aanaa Mayyuu ,
Aanaa Golooda

You might also like