You are on page 1of 111

QAACCEESSA WEEDDUU DIKKOO AFWALALOO YEROO MIDHAAN

DAAKANII: GODINA HARARGEE LIXAA AANAA XUULLOORRATTI


KAN XIYYEEFFATE

TASHOOMAA NIGAATUUTIIN

WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGRII LAMMAFFAA (MA)

GUUTTACHUUF QOPHAA’E, MUUMMEE AFAAN OROMOFI

OG-BARRUUTIIF DHIHAATE

KOOLLEEJII SAAYINSII HAWAASAAFI NAMOOMAATTI

MUUMMEE BARNOOTA AFAAN OROMOOFI

OG-BARRUUTTI YUUNIVARSIITII MADDA WALAABUU

HAGAYYA, 2023

ROOBEE, ITOOPHIYAA
QAACCEESSA WEEDDUU DIKKOO YEROO MIDHAAN DAAKANII:
GODINA HARARGEE LIXAA AANAA XUULLOO

TASHOOMAA NIGAATUUTIIN

GORSAA: Dr. MAGARSAA DHINSAA

WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGRII LAMMAFFAA (MA)

GUUTTACHUUF QOPHAA’E, MUUMMEE AFAAN OROMOFI

OG-BARRUUTIIF DHIHAATE

KOOLLEEJII SAAYINSII HAWAASAAFI NAMOOMAATTI

MUUMMEE BARNOOTA AFAAN OROMOOFI

OG-BARRUUTTI YUUNIVARSIITII MADDA WALAABUU

HAGAYYA, 2023

ROOBEE, ITOOPHIYAA

ii
UNKAA WARAQAA MIRKANEESSAA

Yuunvarsiitii Madda Walaabuu Dhaabbata Qoranno Digirii Duraatin Booddee Waraqaa


qorannoo ulaagaa digirii lammaffaa (MA) Afaan Oromoofi ogbarruu guuttachuuf Tashoomaa
Nigaatuutiin mata duree: ” Qaacceessa Weedduu Dikkoo Yeroo Midhaan Daakanii: Godina
Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo” Irratti xiyyeeffate qophaa‟ee sadarkaa ulaagaa Yuunivarsiitichi
kaa’ee Guutee kan dhiyaatedha. Koree qormaataa

Qoraa alaa______________________________Mallattoo_____________Guyyaa____________

Qoraa keessaa__________________________Mallattoo_____________Guyyaa_____________

Gorsaa _______________________________Mallattoo_____________Guyyaa_____________

i
AXEERARAA

Afoolli jiruufi jireenya hawaasaa maal keessa akka tureefi dandeettii guddoo hawaasni ittiin gaggeeffamaa
tureefi hawaasa ceesisee gara fuulduraatti fidee dha. Hawaasni Afoolatti fayyadamuun wanta jireenya isaa
keessatti dabarse hedduudha:gaddas ta’u gammachuu,beekkumsas ta’u hubachuu dhabuu kan isa
mudachaa ture kan ittiin ibsachaa tureedha.Gosoonni Afoolaa hawwani ittiin jireenya isaa gaggeessaa ture
hedduudha.Gosoota Afoolaa kana keessaa weedduun ishee takka.Weedduunnis akkasuma gosa hedduutu
sababa garagaraaf weeddifama.Weedduuwwan Oromiyaa Bahaa keessatti Weeddifaman keessaa
Weedduun Dikkoo ishee takkaa.Weedduun kun kan weeddifamu yeroo midhaan dhakatti daakaniidha.
Akkuma beekkamu midhaan kana kan dhagatti daakan dubartoota kanaaf dubartoonni yeroo midhaan
daakan sababa gara garaaf ni weeddisu.Akka Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti qaacceessi weedduu
Dikkoo walitti qabuu gaggeeffame hin mullatu.Weedduuwwan akka Harargeetti beekkaman muraasa
isaanii irratti qaacceessi walitti qabiinsaa gaggeeffamullee weedduu Dikkoo irraatti qaacceessi walitti
qabiinsaa gaggeeffame hin jiru. Qorataan kun barsiisaa Afaanii waan ta’eef, Afaaniifi aadaan walitti
dhufeenya cimaa kan qabaniifi afaan ibsituu aadaa kan ta’ee yemmuu ta’u; aadaanis haala namni afaanitti
fayyadamu kallattii hedduun kan qajeelchuu ta’uu irraan kan ka’e“Qaacceessa Weedduu Dikkoo Yeroo
Midhaan Daakanii: Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo” mata duree jedhu irratti gaggeesseera.Kanuma
irraa ka’uun daangaan qorannoo kanaa qaaccesa weedduu Qaacceessa Weedduu Dikkoo Yeroo Midhaan
Daakanii: Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo keessatti argaman keessa Ganda 7 irratti kan
xiyyeeffateedha.Kaaayyoon ijoo qorannoo kanaa weedduuwwan Dikkoo kan Godina Harargee Lixaa
Aanaa Xuulloo Weedduun dikkoo haala akkamii fi yoomessa akkamii keessatti akka weeddifamu ibsuu,
Ergaawwan yookaan qabiyyeen dikkoo, afwalaloo yeroo midhaan daakanii kan akkamii akka ta’e ibsuufi
Gahee dikkoon ijaarsa eenyummaa Oromoota Baha Oromiyaa ibsu keessatti maal fakkaatu qaacceessuu
dha.Maddi raga qorannichaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa irraa kan walitti
qabameedha. Madda raga tokkoffaa kan ta’an manguddoota naannoo,hawwan, hojjattoota Waajjira
Aadaafi Turiizimii yoo ta’an akka madda ragaa lammaffaatti kan fudhataman qorannooleefi kitaabota
adda addaa dubbisuun kan walitti qabamedha. Qorannoo kana keessatti mala iddattoo akkayyoofi malli
iddatteessuu darbaa dabarsaa kan dhimma itti bahaman yoo ta’u, meshaaleen odeeffannoon ittiin
funaaname afgaaffii, caameeraafi daawwannaadha. Haaluma kanaan odeeffannoon malleen kanaan walitti
qabaman mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun mala qorannoo ibsaatiin kan xiinxalameedha. Akka
waliigalaattis weedduun Dikkoo weedduu yeroo dubartiin midhaan dhakatti daaktu weeddiftuudha.
Weedduu kana keessatti waan adda addaa kaasuun dadhabbiin akka itti hin dhagahamneef ni
weeddisu ,buhaarsuuf,jaalala ibsuuf,Jibba ibsuuf ,quuqaa isaan keessa jiru kan namatti himachuu hin
taane kan ittiin ibsataniidha.Weedduun kun qorannoollee gara garaa Afoola bu’ureeffatan garagaraa
keessatti akka mata duree xiqqaa tokkootti ibsi isaa jiraatullee walaloon isaa sassaaamee qaacceessi kan
irratti gaggeeffame kan hin jirre tahuu isaa hubatamee akka sassaabbiifi qaacceessa jalqabaa tahee
kaa’ameera. Argannoo qorannicha, keessatti tuqaman irratti hundaa’uun weedduun Dikkoo Aadaa
Oromoo kan eenyummaa, duudhaafi aadaa hawaasichaa ibsan kun waliittii guruun gadifageenyaan
qoratanii gaalmeessuun kallattiinis ta’ee alkallattiin qaamni dhimmi ilaallatu: Biirooleen akka Aadaafi
Turizimii, caasaalee isaan jalatti argamanifi barsiisonni Afaanii kanneen aadaa eenyummaa hawaasichaa
ibsanirratt qorannoo gaggeessuu fedhanfi beektonni Oromoo kanneen fedhii qaban gahee isaaniii akka
bahaniif ni gargaara.

ii
GALATA

Hojii qorannoo kana keessatti adda durummaadhaan, nuffii tokko malee, waraqaa qorannoo
kana, tokkoo tokkoon jalqabaa hanga dhumaatti ilaaluun deeggarsa ogummaa isaanii naaf
laachuun kan karaa na qabsiisan barsiisaafi gorsaa kiyya Dr.Magarsaa Dhinsaa baay’een isaan
galateeffadha. Itti aansuun galma ga’iinsa qorannoo kootiif yaadaan, maallaqaafi yeroo isaanii
naaf laachuun kan na gargaaran Obboleeyyan Kiyya Shimallis Nigaatuufi Ashannaafii Nigaatuu
Akkasumas,yaadaan kan na gargaarte haadha warraa tiyya Yobdaar Tasfaa, ijoollee tiyya yeroon
dadhabu kan na bohaarsaan Hinsermuu Tashoomaa,Lammii Tashoomaafi Moonenus Tashoomaa
Barreessuufi yaada qindeessuun kan na gargaare hiriyaa koo barsiisaa Shamshaddiin Ahmad
akkasumas Barsiisoota Mana baruumsa Sadarkaa 2 ffaa Hirnaa gargaarsa waan naaf godhaniif nan
galateeffadha. Ragamtoota galmaan gahiinsa qorannoo kanaa gumaacha naaf gootan hunda
keessan olaanaa waan ta’eef galanni keessan dachaa haata’u.
Hojjattoota Waajjira Aadaafi Turizimii Godin Harargee Lixaafi Aanaa Xuulloo gargaarsa naaf
gootaniif galanni keessan dachaa haata’u. Walumaagalatti namoota dhuunfaafi hiriyyoota koofi
barsiisota mana barumsaa; gargaarsa yaadaafi ogummaa naaf taasistan hundumtuu galata guddaa
nabiraa qabdu.

iii
JIIBSOO (HIIKA JECHOOTAA)

Aayruu: Arguu, Arkuu


Affaffaa: Ilkaan wawwaraanamee waan akka dhagaarratti baafame
Ajjalamuu: Wanti tokko waan birootiin maramee hukkaamfamuun akka lallafu taasifamuu
Alaanaluu: Waan nama jibbisiisuufi rakkoo qofa haasa’uu
Aloobuu: Wanti akka nyaataa yookaan midhaanii yeroo dheeraa turuurraa kan ka’e baduu
Batattee: Nama asiifi achi fifiigu kan buxa hin qabne.
Boolloo: Gadidhooqqoo
Burjaana: Faaya harkaatti kaayyatamu
Dhoruu: Huqqisuu, qallisuu qaama irratti fixxuu
Dhundhuma: Saffartuu dheerinaa kan aadaa kan ciqileerraa kaasee hanga fiinxa quba dheeraatti
jiru
Diirra: Gubbaa, cinaacha gara olaanu
Dila: Xaana, hedduu, baay’ee
Diroo: Mi’a aannan itti raasan
Dorrobaa: Gosa huccuu dubaraa kan gatiin isaa qaalii ta’e
Farrisuu: Waan hamaan akka ta’uuf taa’u tilmaamuu, hamtuu dhufuuf jettu dursanii raaguu
Foo’uu: Walkeessa caasuu
Geeylee: YYYYYYYYYYYYYYYYY
Guunguma: Saffartuu dheerinaa aadaa ciqilee harkaarraa eegalee hanga dumucaatti kan jiru;
dubbii jibbe tokko osoo ol hinbaafamin of keessatti yaadaan dubbatame
Haaqila: Abshaala, gamna, qaruuxee, beekaa (jecha ergisaati)
Haaqila: Nama abshaala, qaruxee, gamna, kan waa beeku
Halaalchuu: Gorra’uu, qaluu, morma irraa kutuu
Handaara: Qarqara yookaan fiinxa wayaa kanneen akka amsoolaa, kutaafi gaabii isa jibriin hin
dhahamin rarraatee argamtu
Hanga’uu: Calaqqisuu, carallaa ifu gad dhiisuu
Hiddattoo: ZZZZZZZZZZZZZZZZZZZ
Hixrii: XXXXXXXXXxxxx
Huffee: Gammoojjii ho’aa

iv
Kulkultaa: Faaya dubaraa kan mataarratti kaa’amu
Kute: Deeme, lufe; mure, gargar baase
Kuula: Jibrii (jirbii) halluu gara garaa tan faayaaf addarratti hidhamtu
Ladda’achuu: Qawwee yookaan habalee fannifachuu
Lassanamaa: Wal qixxaataa
Leeylii: Halkan walakkaa (jecha ergisaati)
Linxixxaa’uu: Qulxa fixachuu, qooshaan guututti haala tokkoon jiidhuu
Luluu: Oliifi gad raasuu, sochoosuu, raasuu
Maatraat: Qooshaa osoo hin bukaa’in ammuma jiifamtee buufamtu
Marmaaja: Meeshaa yeroo qooshaa daakan itti gargaaraman kan gogaarraa tolfamu
Minaaminoo: Gosa midhaanii kan akka baaqeelaa, atara, gaayyoo, missira, talbaa, saliixa,
shumburaafi kan kana fakkaatu dabalatu
Minaamminoo: Gosa midhaanii kan midhaan kanneen akka ataraa, shumburaa, baaqeelaa,
boloqqee, gaayyoo (gaayyaa) fi missiraa of keessatti hammatu
Mudana: Budanii, lafa qarqara ooyruu tan tarkaanfii tokko hincaalle
Nadha: dharraa waan mi’aawuu kan akka soogidaa
Qaaccaa: Lafa biyyeen isii nafa nama diddiru
Qaanxeessuu: Qaqallisuu,
Qajjiisa: Rifeensa qeenxee tokko yookaan rifeensa foo’ame (dhawame) qeenxee tokko
Qalamiisha: Gosa gundoo (safii) tan buddeena yookaan daabboo eeleerraa itti fuudhuuf
tajaajiltu
Qalamshiisha: Akaakuu safii (gundoo) tan biddeena ittiin qibaaba (eelee) irraa fuudhan
Qarqabuu: Waan tokko waan lama gidduu kaa’uun walitti qabuu
Qarsaa: Gosa dhagaa kuusmansaa kan sibiila ittiin qaruuf gargaaru
Qaxaruu: Midhaan firii yookaan ija baasuu jalqabuu
Qoollee: Qal’aa, huqqataa, mogoree, kan qaama haphatu
Qooshaa: Midhaan daakamee jiifame; liixii,
Qotaa: Morka
Quduraa: Raajii, ajaa’iba
Qulxa: Daakuu osoo hin jiidhin qooshaa keessatti kufooytee teessu
Quuquu: Diddiruu, nafa namaa dhukkubsuu

v
Reeqasa: Jiidha haphii
Riiqa: Gootaraa
Saakayyoo: muka urgaa’aa kan durbi foolii gaariif matatti kaa’atu
Sabrii: Obsa (jecha ergisaati)
Sadoo: Qananii
Safii: Gundoo
Sallaquu: Qooshaa yookaan daakuu osoo hin hurreesin daakuu
Shanaana: Gosa faayaa mormatti kayyatamu isa gatiin isaa qaalii ta’e
Shukkaa: Akaakuu ablee (albee) kan gama lamaan qara qabuufi hammaan xiqqaa ta’e
Shuumoo: Mulluu, nyaata boqqolloofi baaqeelaa, baaqelaa, boloqqee yookaan atara walitti
naquun bilchaatee qophaa’u
Shuumoo: Mulluu; akaakuu nyaataa
Suguyyaa: Mana foon itti gurguramu
Taakkuu: Saffartuu dheerinaa kan aadaa quba abba guddoofi quba dheeraan saffaramu;
walakkaa dhuundhuma tokkoo
Taguuga: Togogoo, mi’a dhoqqee looniirraa tolfamu kan midhaan keessa kaa’amu
Tottobuu: XXXXXXXXXXXXXXXXX
Ukuu: Wanti tokko walitti heddummaatee yookaan waan biraatiin hukkaamamee foolii hintaane
fidachuu
Ulluluu: Urgeeffachuu
Urrubsuu: Wallisuu, sirbuu, alalaasuu
Uuda: Iddoo midhaan itti tuman; bu’ura gundoo yookaan safii
Walaawwaluu: asiifi achi deddeemuu, waan qabuufi dhiisuu wallaaluu
Waqartii: Meeshaa dhagaa daakuu ittiin waqaruuf yookaan affaffaa itti baasuuf tajaajilu

vi
HIIKKOO GABAJEEWWANII

BATO: - Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa


WATGHL: - Waajjira Aadaa fi Turiizimii Godina Harargee Lixaa
WQQAI: - Wirtuu Qorannoofi Qu‘annoo Afaanoota Itoophiyaa
GQAF: Garee Qu’annaa Afaan Oromoo

BAAFATA QABIYYEEWWANII

vii
UNKAA WARAQAA MIRKANEESSAA......................................................................................i
AXEERARAA................................................................................................................................ii
GALATA........................................................................................................................................iii
JIIBSOO (HIIKA JECHOOTAA)..................................................................................................iv
HIIKKOO GABAJEEWWANII...................................................................................................vii
BAAFATA QABIYYEEWWANII..............................................................................................viii
BAAFATA FAKKIIWWANII.......................................................................................................xi
BOQONNAA TOOKKO: SEENSA...............................................................................................1
Seenduubee Qorannichaa..........................................................................................................1
Ka’uumsa Qorannichaa............................................................................................................3
Kaayyoo Qorannichaa...............................................................................................................5
Kaayyoo Gooroo.....................................................................................................................5
Kaayyoo Gooree.....................................................................................................................5
Barbaachisummaa Qorannichaa..............................................................................................6
Daangaa Qorannichaa...............................................................................................................6
Hanqina Qorannichaa...............................................................................................................6
Ibsa Iddoo Qorannichaa............................................................................................................6
BOQONNAA LAMA......................................................................................................................8
1. SAKATTA’A BARRUU.........................................................................................................8
Fookiloorii...................................................................................................................................8
2.1.1.Afoolaa............................................................................................................................8
2.1.2.Wantoota Aadaa (Material Culture).........................................................................10
Af-walaloowwan.......................................................................................................................10
1.1.1. Weedduu.................................................................................................................11
1.1.1.1. Gooroowwan Weedduu..................................................................................12
Amaloota Weedduu..................................................................................................................15
Qabiyyeewwan Weedduu........................................................................................................16
Faayidaa Weedduu..................................................................................................................16
Sakatta’a Qorannoolee Walfakkii..........................................................................................16
2.7.Walitti Dhufeenya Weedduuwwan Hojii Kanneen Biroofi Dikkoo..............................20
Yaaxxina Qorannoon Kun Bu’uureeffate..............................................................................20

viii
1.1.2. Yaadiddama Faayidaa (Functional Theory).......................................................21
1.1.3. Yaadiddama Haalawaa (Contextual Theory).....................................................21
BOQONNAA SADII.....................................................................................................................23
2. MALLEEN QORANNICHAA..............................................................................................23
Saxaxa Qorannichaa................................................................................................................23
Iddattoo fi Iddatteessuu...........................................................................................................23
2.1.1. Iddattoo...................................................................................................................23
2.1.2. Mala Iddatteessuu..................................................................................................24
Malleen Funaansa Ragaalee....................................................................................................24
2.1.3. Af-gaafii..................................................................................................................24
2.1.4. Daawwannaa..........................................................................................................25
2.1.5. Marii Garee Xiyyeeffata........................................................................................25
2.1.6. Sakatta’a Dookumentiiwwanii.............................................................................27
Malleen Galmeessa Ragaalee..................................................................................................27
Mala Ragaalee Barreeffamatti Jijjiiruu................................................................................27
Mala Xiinxala Ragaalee...........................................................................................................27
Sakkoo (Naamusa) Qorannoo.................................................................................................27
BOQONNAA AFUR.....................................................................................................................29
4. QAACCEESSAAFI HIIK RAAGAALEE............................................................................29
Meeshaaleefi Adeemsa Daakkiifi Dikkoon Walqabatan......................................................29
4.1.1. Meeshaaleefi Wantoota Yeroo Daakkii Barbaachisan.......................................29
4.1.2. Adeemsa Midhaan Daakuu...................................................................................39
4.2. Malleen Dubbii Walaloowwan Dikkoo Keessatti Argaman......................................42
4.2.1. Itti Fayyadama Akkasaa (Simile).........................................................................43
4.2.2. Itti Fayyadama Qardoomaafi Miti’ee (Oxymoron & Paradox).......................44
4.2.3. Itti Fayyadama Haguugiinsa Yookaan Jedhoksaa (Euphemism).....................45
4.2.4. Itti Fayyadama Fakkoommii (Symbolism)..........................................................45
4.2.5. Itti Fayyadama Ciigoo (Jecha Dachaa)................................................................46
4.2.6. Itti Fayyadama Sagaleebi’iinsa (Alliteration).....................................................47
4.2.7. Itti Fayyadama Daddeebichoota (Word Repetition)..........................................48
4.2.8. Itti Fayyadama Gaafii Qolaa (Using Rhetorical Question)...............................48

ix
4.2.9. Itti Fayyadama Seenimiinsa (Allusion)................................................................49
4.2.10. Arbeessa (Hyperbole)........................................................................................50
4.3. Ergaawwan Walaloo Dikkoo........................................................................................50
Sensa Qaacceessa Walaloo Dikkoo.....................................................................................50
4.3.1. Jaalalaa Ibsuu........................................................................................................51
4.3.2. Kulkulfannaa Yaada Jaalalaafi Quuqaa Rakkoo Ibsuu....................................54
4.3.3. Dinqisiifannaafi Faaruu (Jajiinsa).......................................................................57
4.3.4. Balaaleeffannaa, Qeeqaafi Arrabsoo...................................................................59
4.3.5. Dhaammannoo.......................................................................................................61
4.3.6. Gorsa Laachuu.......................................................................................................63
4.3.7. Hariiroo Hawaasummaa Ibsuufi Cimsuu...........................................................64
4.3.8. Roorroo Ibsuu........................................................................................................65
4.3.9. Hawwiifi Fedhii Ofii Ibsachuu.............................................................................65
4.3.10. Leeccalloo Ibsuu.................................................................................................66
4.3.11. Gammachuu Ibsuu.............................................................................................67
4.4. Ga’ee Dikkoon Ijaarsa Eenyummaa Oromoo Calaqqisuu Keessatti Qabu............67
4.4.1. Oromoo Birati Horsiisni Horii Akka Bu’ura Ta’e.............................................67
4.4.2. Sanyummaan Kan Dabru Gara Abbaatiin Ta’uu..............................................68
4.4.3. Sabboonummaafi Hubannaa Seenaa Qabaachuu..............................................68
4.4.4. Beekkoomsa Xiinqaamawaa (Astronoomii) Qabaachuufi Dhahatti
Gargaaramuu........................................................................................................................70
4.4.5. Rabbiin Tokko Ta’uufi Uumaa Keessatti Qooda Maleeykaan Qabu...............71
BOQONNAA SHAN.....................................................................................................................73
5. GUDUUNFAA, ARGANNOOWWANIIFI YABOO...........................................................73
5.1. Guduunfaa.....................................................................................................................73
5.2. Argannoowwan..............................................................................................................74
5.3. Yaboo (Yaada Furmaataa)...........................................................................................75
WABIILEE....................................................................................................................................76
DABALEEWWAN.......................................................................................................................79
5.4. Dabalee A: Tarreeffama Walaloowwan Dikkoo Qorannichaan Funaanaman.......79
5.5. Dabalee B: Tarreeffama Odeefkennitoota Qorannichaa..........................................85

x
5.6. Dabalee C: Gaafiilee Afgaafii Gamisaan Caaseeffaman...........................................86
5.7. Dabalee D: Tarreeffama Gaafiileefi Qabxiiwwan Ijoo Marii Garee.......................88
Dabalee E: Tarreeffama Fakkiilee Qorannichaa..................................................................90

BAAFATA FAKKIIWWANII

Fakkii—1: Yeroo Qoratichi Daawwannaa Godhu …………………………………………….. 23


Fakkii—2: Yeroo Dubartiin Midhaan Dhagaa Daakuurratti Daaktu……………………….. … 25
Fakkii—3: Dhagaa Daakuu Midhaan Idilee Daakuuf Tajaajilu …………………………….... 35
Fakkii—4: Dhagaa Daakuu Qooshaa Daakuuf Tajaajilu …………………………………….. 36
Fakkii—5: Wullee (Majii) …………………………………………...………………………... 37
Fakkii—6: Waqartii ………………………………………………………………………….. 38
Fakkii—7: Marmaaja………………………………………… ………………………………. 39

xi
Fakkii—8: Fooysoo …………………………………………………………………………… 40
Fakkii 9: Yeroo Dhakaa Ramadattu
Fakkii—10: Killa (Killoo) ………………………………………………………………… ..41
Fakkii—11: Mariin Garee A Yeroo Gaggeeffamu ……………………………………………
Fakkii—12: Mariin Garee B Yeroo Gaggeeffamu…………………………………………….
Fakkii—13: Mariin Garee C Yeroo Gaggeeffamu …………………………………………..
Fakkii—14:Mariin Garee D Yeroo Gaggeeffamu ……………………………..…………… .
Fakkii—15: Yeroo Afgaafiin Gaggeeffamu-01………………………………………………
Fakkii —16: Yeroo Afgaaafiin Gaggeeffamu-02 ……………………………………………….
Fakkii —17: Yeroo Afgaafiin Gaggeeffamu-03 …………………………………………………
Fakkii —18: Yeroo Afgaafiin Gaggeeffamu-04 …………………………………………………
Fakkii— 19: Yeroo Afgaafiin Gaggeeffamu 05 ………………………………………………….
Fakkii —20: Yeroo Sakatta’a Barruu Gaggeessuuf Kitaabban Wabii Sonamu…………………
Fakkii —21: Meeshaalee Midhaan Daakuuf Tajaajilan ……………………………………….
Fakkii— 22: Yoomeessa Dikkoofi Midhaan Daakkii …………………………………………

xii
BOQONNAA TOOKKO: SEENSA

Seenduubee Qorannichaa
Uummanni Oromoo uummata seenaa bara dheeraa qabuufi seenaa ofii bifa barreefamaatiin osoo
hin taane afoolatti fayyadamuun afaaniifi gochaan dhalootaa dhalootatti dabarsaa kan tureedha.
Kanaaf, afoolli bu’uura duudhaafi seenaa hawaasa keessatti, dhuftee aadaa, amantii fi barsiifata
saba tokkoo baatee kan socho’uudha (Oring ,1999:136).

Oromoon afaan isaa afaan barreeffamaa osoo hin ta’in dura qarooma isaa dhalootaa dhalootatti
afoolaan dabarfataa dhufe. Yaada kana ilaalchisee Beekan (2015:9) haala armaan gadiitiin yoo
ibsu, afoolli ogbarruun osoo hin turin dura kan tureefi eenyummaa hawaasa tokkoo ibsuuf kan
ga’ee guddaa qabuudha.Sababnisaas,afoolli qabeenya hawaasaa ta’utti dabalee haala jiruufi
jireenya hawaasaa kan calaqqisuudha. Falaasamniifi ergaan walfakkaataan afoola hunda keessa
jiran duudhaawwan nama tokkorraa nama birootti barreeffamaan osoo hin taane, gochaafi yaada
sammuun kan hawaasa tokkoo isa birootti lufanii asgahaniidha jechuun Beekan (2015:9) ibseera.

Kana jechuun immoo sabni tokko eenyummaa, amantii, haala jiruufi jireenya isaa,heeraafi seera
isaa falaasamaafi hooda isaa, walumaagalatti ilaalcha addunyaa irra jiru kanaaf qabu gara
dhaloota itti aanuuf dabarsuuf afoolli shoorri inni qabu baay’ee olaanaadha.Afoolli gosoota
hedduu of keessaa qaba.

Zarihun (1992:28) akka ibsutti gosoonni afoolaa baay’eedha; isaan kunis bifa holooloofi
walalootiin kan dhiyaatanii yoo ta’an, gama Af-walalootiin waa’ee gammachuu,gaddaa, amantii
ibsu.Akkasumas faaruu haadhaa, faaruu loonii,weedduu jaalalaafi kan kana fakkatan afoolaan
ibsachaa ture.Afwalaloon afoola keessaa isa hawaasni gaddaafi gammachuu isaa ittiin ibsatuu
dha.

Afwalaloon hawaasa barreessuufi dubbisuu hindandeenye ykn danda’uuf walaloodhaan


qindaa’ee afaaniin kan darbuudha. (Finnegan, 1976).Afwalaloon haala yedaloo kan qabu ykn
haala weedduufi faaruutiin kan dhihaatufi amala walaloo kan qabuudha.Fedhasaa,(2013:49)
akka ibsetti“Afwalaloon Oromoo bakka gurguddoo torbatti qoodamuu danda’u.Isaanis,
geerarsa, weedduu, sirba, faaruu, eebba/abaarsa,guungummiifi tabaalliidha.Hawaasa keessatti

1
maqaalee kanaan beekamanis daangaan hubanno isaanii ka’amee hinjiru”. Afwalaloo Oromoo
keessaa weedduun damee tokko .

Gooree adda addaa Afwalaloon qabu keessaa tokko weedduudha.Weedduun ogafaan keessatti
dhiyaatu immoo afwalaloodha.Mala dhiheenya keessaa tokkoo afwalaloo hawwaasa dubbisuu
ykn barreessuu hin dandeenyeen yookaan danda’uun bifa weedduun qindeeffamee afaaniin
darbuudha.Oromoon karaa weedduu isaatiin wanti inni hin ibsanne hin jiru. Dhimmoota adda
addaa irratti yaada kennuufis ta’e tajaajila adda addaa itti ba’uufis ni fayyada. Yaada kana
Finnegan (1970:270) yoo ibsitu, “Songs can be used to report and comment on current affairs,
for political pressure, for propaganda and to reflect and mould public opinion” jetti. Kana
jechuun weedduun dhimma yeroon walqabate, dhiibbaa siyaasaa, kaka’uumsaafi ilaalcha
hawaasaa ibsuuf kan fayyaduudha. Dabalataanis, Iristeen (2012:18) Nagarii waabeffachuun
faayidaa weedduu “Weedduun/Faaruun ni barsiisa, ni gorsa, ni gootomsa, aadaa, duudhaa,
dhugeeffannaafi falaasaama abbootii dhaloonni haaraan akka hubatan godha” jechuun ibsa.

Haaluma kanaan, Oromoon Harargee Afwalaloo kanneen akka shoobdoo, darassii, mirriiysa,
dikkoo, hooylee, uruursa daa‘immaniifi kan kana fakkaataniitti dhimma bahaa ture bahaas jira
(Faayoo, 2017:8). Kana malees, Kafyaalaw, 2016) akka Godina Harargee Bahaafi Lixaatti af-
walaloon /weedduufi faaruun/ hedduun kan jiran yoo ta’u isaan keessaa beekkamoon
shagooyyee, mirriiysa, golollee yookaan sossoba daa’immanii, faaruu loonii, hooylee, dikkoo,
haayyoo meetoofi kanneen birootiis kaasuun ni danda’ama,” jechuun ibse. Wabiiwwan olitti
eeraman irraa akka hubannutti, af-walaloowwan Harargee keessatti beekkaman keessaa dikkoo
isa tokkoofi afaaniin darbaa kan dhufedha. Weedduun diikkoo dubartootaa yeroo midhaan
daakanii aanaa xuulloo keessatti ga’ee guddaa qabaachaa kan turee dha. Weedduun diikkoo
dubartootaas damee weedduu keessaa tokko waan ta’eef akkuma weedduun bifa walalootiin kan
dhiyaatu dhamaafi amala muuziqaa kan qabu miira namaa kan hawwatu aadaa
hawaasaati.Weedduun kun guutumaan guututti dubartootaan kan weeddifamuufi yeroon inni
weeddifamuus yeroo dubartiin midhaan daaktuu dha. Waa’ee dikkoo ilaalchisee Dirribee
Qana’aa akka ibsutti,“Dikkoon dame afoola Afaan Oromoo keessaa tokko yoo ta’u keessaayyuu
godina Harargee Lixaa keessatti bal’inaan kan beekkamaa turee dha.Dikkoon yeroo ammaa kana
haadholiifii shamarran biratti kan irraanfatame ta’ullee namoota umriin isaanii dheeraa biratti
bakka guddaa qaba.”

2
Ka’uumsa Qorannichaa
Qorannoo kana akkan gaggeessuuf kan ka’uumsa naaf tahe hawaasni aaanichaa Weedduu dikkoo
afwalaloo yeroo dubartoonni midhaan dhakatti daakanii kanatti yeroo ammaa kana sababa
midhaan dhakatti hin daakkanneefi iddoo tokko tokkotti kan daakkatu jiraatuus namni weeddisaa
daakkatu dhabuu isaaniiti.Hawaasni aanichaa yeroo ammaa kana midhaan kan daakkatan
baabura midhaan daakutti waan ta’eef namni weedduu kana weeddisaa midhaan dhakatti
daakkatu yeroo ammaa kana hin jiru.Weedduun kun immoo kan weeddifamu dubartiin yeroo
midhaan dhakatti daaktu weeddisaa daakti. Namoota weedduu kana beekanis argachuun baay’ee
rakkisaa ta’aa jira.Kanaaf,osoo walfaana hin badin dhaloota amma jiruufi dhufuuf darbuu waan
qabuuf walaloon weedduu kanaa funaanuun :Adeemsa midhaan daakuu keessatti meeshaaleen
tajaajila laatan kan akkamii faa’a akka ta’an,Malleen dubbii walaloowwan dikkoo keessatti
hojiirra oolan,Ergaawwan afwalaloo dikkoo,Gaheen dikkoon ijaarsa eenyummaa Oromoota baha
Oromiyaa ibsu keessatti maal fakkaatu dhaloota dhufuun ga’uun kan namarraa eeggamuudha.

Qorannoowwan af-walaloo ummata Oromoo Oromiyaa gara bahaa biratti beekkaman irratti
hojjetaman hanga muraasa. Isaan keessaa Mohammad-Kamaal Usmaan Muussaa(2021)
kafyaalaw (2016), Taaddalaa (2016), Faayoo (2017) fi Tasfaayee (2017) eeruun ni danda’ama.
Qorannoowwan kunneen af-walaloo, keessattuu weedduu hawaasa Oromoo Harargee biratti
beekkaman irratti hojjetaman mata-duree qorannoo kanaatiin walitti dhufeenya kan qabaniis kan
hin qabnees jiru.Fakkeenyaaf Mohammad-Kamaal Usmaan Muussaa(2021) qorannoo
matadureen isaa “Xiinxala Qabiyyeewwan Afwalaloo Dikkoo Dubartoota Oromoo Harargee
Aanaa Gurawaa” ,Kafyaalaw (2016) qorannoo matadureen isaa “Qaacceessa Qabiyyee Mirriiysa
Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannoo,’’ jedhu irratti gaggeesse.Mirriiysi af-walaloo yeroo
baay’ee iddoo namni lama yookaan lamaa ol jiranitti mirrigfamuudha.Mirriigni kuniis kan
mirriigfamu manguddoota.Kan koo immoo dubartiin takkittiin iddoo namni jalaa qabu hin jirretti
dubartii qofaan kan weeddifamuu dha.Garaa garummaan isaanii tokko kana.Kana
malees,yoomeessi isaan keessatti weeddifaman garagar.Mirrigni ergaafi dhaamsa adda addaa
dabarsuufi dhimma walga’aniif mariif dhiyeessuuf kan manguddoonni yookaan hubattoonni
weeddisan yammuu ta’u Dikkoon immoo dubartiin qofaa isheetti yeroo midhaan dhakaatti
daaktu kan weeddistuu dha.

3
Tokkummaa weedduu Oromoota Harargeebiratti beekkaman ta’uu,bifa muuziqaa
qabaachuu,miira kakaasuufi kan quuqama isaanitti jiru ittiin ibsatanii dha.

Mohammad-Kamaal Usmaan Muussaa(2021) qorannoo mata dureen isaa “Xiinxala


Qabiyyeewwan Afwalaloo Dikkoo Dubartoota Oromoo Harargee Aanaa Gurawaa” mata dureen
jedhuun qorannoogaggeesseera. Qorannoo kan koofi kan isaa jidduu garaagarummaan jiru; kan
koo Adeemsa midhaan daakuu keessatti meeshaaleen tajaajila laatan kan akkamii faa’a akka
ta’an,Malleen dubbii walaloowwan dikkoo keessatti hojiirra oolan,Gaheen dikkoon ijaarsa
eenyummaa Oromoota baha Oromiyaa ibsu keessatti qabu maal akka fakkaatu kan ibsuu
yammuu ta’u karaa biraan immoo,Yeroo baay’ee Weedduu Dikkoo Kan fayyadaman Yeroo
midhaan dhakatti daakan malee yeroo mooyyee tumanii miti.Mooyyeen nam lamaan tumuu
danda’u,Yeroo mooyyee tuman hurubumni isaa ariifataa waan ta’eef carraa weeddisanii
hojechuu namaaf hin kennu. kan Mohaaammad-Kamaal Wantoota Dikkoo irratti miidhaa
geessisan,Faaydaa Dikkoon Hawaas Diinagdee Dubartootaaf qabu irratti xiyyeeffatee ija kanaan
kan qaacceesseedha.Tokkummaan :Ergaawwaan ykn qabiyyeewwan Afwalaloo dikkoo xiinxaluu
irraatti.
Taaddalaan (2016) “Qaacceessa weedduu Lakkoo; Haala Oromoo Gaamoo Godina Harargee
Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaarratti xiyyeeffata.Weedduun Lakkoo gosa weedduu yeroo
fuudhaafi heerumaa duratti kaka’uumsa fuudhaaf herumaaf gosa weedduu weeddifamuu dha.Kan
koo immoo kan dubartiin yeroo midhaan daaktu weeddiftuu dha.Tokkummaan isaaniis isaan
lachuu gosa weedduu Oromoota Harargee biratti beekkaman ta’uu isaaniiti.
Tasfaayee (2017) haaluma walfakkaatuun, qorannoo matadureen isaa “Qaacceessa Qabiyyee
Darassii Qonnaan Bulaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa,” afwalaloon darashii kan hojii
qarxaa dongoruurratti dhihaatu kan namoota dalagaa qarxaa dongoruurratti hirmaatan ykn abbaa
guuzaa hamilee isaa kakaasuf,jajjabeessuf, kan hawaasa biraatti hojiin beekamaa,arjaa,kan firaaf
dhaabbatu tahuu kan ittiin jireenya gamataa isaanii ittiin ibsatanii dha.Tasfaayeen (2017)
qorannoo isaa keessatti waa’ee dikkoo hinkaafnne.Tokkummaan isaanii isaan lachuu gosa
weedduu ta’uufi yeroon isaan itti weeddifamaniis yeroo dalagaa ta’uu dha.Garaagarummaan
isaanii immoo Mirriiysi guuza(Daboo) yeroo lafa qotanii fi nama baay’een tahuufi namoonni
saniis hundumti dhiira.Kan Dikkoo immoo nama tokkoofi namni tokkichaan sanis dubara ta’uun

4
adda isa godha.Mata dureen qorannoo kanaa kanaan dura irratti hojetamullee garaagarummaa
olitti kaafameakka qaawa qorannoo (research gap) guddaatu jira.

Qorataanis kanuma bu’uureffachuun weedduun diikkoo dubartootaa yeroo midhaan daakaniis


carraa qorannoo argachuun akka beekamu haala mijeessuu, ragaa barreeffamaa weeddichaa
qindeessuufi itti fayyadamni weedduu diikkoo hawaasa biratti bifa maalii akka qabaataa ture
ka’umsa qorannoo godhadheenqorannoo kana gaggeesse.

Dhumarratti, qoratichi jiraataa nannawa weedduun dikkoo kun bal’inaan itti hojiirra oolaa turetti
waan argamuuf ragaalee qorannichaa salphatti sassaabuufi ragaalee sassaabbatuus sirritti
qaacceessuun qorannicha bifa ga’uumsa qabuun gaggeesseera. Bu’uuruma kanaan qorannoon
kun gaaffiilee bu’uuraa qorannichaa armaan gadii irratti dhihaatan bu’ureeffatee bu’aa argamuu
qaban argateera.
1. Adeemsa midhaan daakuu keessatti meeshaaleen tajaajila laatan kan akkamii faa’a?
2. Malleen dubbii walaloowwan dikkoo keessatti hojiirra oolan kam faa’a?
3. Ergaawwan dikkoo, afwalaloo yeroo midhaan daakanii kan akkamiiti?
4. Gaheen dikkoon ijaarsa eenyummaa Oromoota baha Oromiyaa ibsu keessatti maal fakkaata?
Kaayyoo Qorannichaa

Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa afwalaloo weedduu dikkoo Godina Harargee Lixaa Aanaa
Xuulloo xiinxaaluun ibsuu dha.

Kaayyoo Gooree

Kaayyooleen gooree qorannoo kanaa:


 Adeemsa midhaan daakuu keessatti meeshaaleen tajaajila laatan kan akkamii faa akka ta’an
ni ibsu.
 Malleen dubbii walaloowwan dikkoo keessatti hawaasni dhimma itti bahaa tue kan akkamii
akka ta’an ibsuu.
 Ergaawwan yookaan qabiyyeen walaloowwan dikkoo, afwalaloo yeroo midhaan daakanii
kan akkam akka ta’e ibsuu.

5
 Gahee dikkoo, afwalaloo yeroo midhaan daakanii ijaarsa eenyummaa Oromoota baha
Oromiyaa ibsu keessatti maal fakkaatu addeessuudha.
Barbaachisummaa Qorannichaa
Bu’aan qorannoo mata dureen isaa filatame kanaa hedduudha—qaamootaafi namoota
garagaraatiifiis bu’aa laata. Isaan keessa kan duraa dikkoo, afwalaloo, afoola hawaasa Oromoo
naannawichaa kana walaloo isaa sassaabee qoratee dhaloota itti aanuuf dabarsuun isa tokko. Kan
lammaffaa namoota qorannoo gadifagoo mata-duricharratti gaggeessuu barbaadaniif qorannoon
mata duree kanarratti hojjetamu akka madda ragaa lammaffaatti ni tajaajila. Dhumarratti,
qaamoonni dhimmi ilaalu akka afwalaoloo yookaan weedduu dikkoo kanaaf xiyyeeffannoo
kennuudhaan dhaloota dhufuuf dabarsuurratti hojjetaniif ni kakaasa.

Daangaa Qorannichaa
Qorannoo kana gadi fageenyaan akka qoratamuufi amansiisaa taasisuuf, karaa lamaan kan
daangeeffamu ta’a. Qorannoon kun kan daangeeffame mata duree fi bakkaani. Haaluma kanaan
mata dureen qorannoo kanaa “Qaacceessa weedduu dikkoo yeroo midhaan daakanii” kan jedhu
yoo ta’u, daangaan iddoo qorannoo kanaa immoo Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullooti.

Hanqina Qorannichaa
Wantoonni qorannoo kana keessatti akka hanqina qorannichaatti ilaalaman ni jiraatu. Isaan
keessaa tokko qorannichi caaseeffama,walaloowwan dikkoo kan hin xiinxalle ta’uudha. Kana
malees, qorannoon kun as-dhuftee seenaa weedduu dikkoo seeneessuurratti hin xiyyeeffatu.
Dabalataan, qorannoon hirmaattoota af-walaloo dikkoo addeessuurratti xiyyeeffachuu dhabuun
akka hanqina qorannichaatti fudhatamuu danda’a.

Ibsa Iddoo Qorannichaa


Aanaan xuulloo aanaalee Oromiyaan qabdu dhibba sadiifi digdamii saddeet (328) fi aanaalee
digdamii tokko (16) Godinni Harargee Lixaa qabu keessaa isa tokkoodha. Akka seenaan afaaniin
himamu ibsutti, aanaan kun maqaa isaa kan argate maqaa ganda Xuulloo jedhamu, teessoo
bulchiinsa aanichaa kan bara durii irraayi. Gandi Xuulloo jedhamu immoo maqaa namicha
Xuulloo jedhamu kan iddoo gandichi itti argamuutti yeroo jalqabaaf mana ijaarratee jiraachaa
tureefi namoota karaa saniin imaltuu deeman keessummeessuun beekame irraa moggaafame
(Faayoo, 2017). Aanaan Xuulloo baha Godina Harargee Lixaatti kan argamu yoo ta‘u, teessoo

6
bulchiinsa aanichaa kan ammaa Magaalaa Hirnaati. Magaalaan tuniis, magaalaa guddittii fi
handhura Oromiyaa, Finfinnee, irraa kallattii bahaatti kiloomeetira dhibba sadiifi torbaatamii
afur (374) akkasumaas teessoo bulchiinsa Godina Harargee Lixaa kan taate Magaalaa Ciroo irraa
immoo gara bahaatti kiloomeetra afurtamii lama (42) fagaattee argamti. Aanaan kun kibbaan
Aanaa Masalaatiin, kaabaan Aanaa Doobbaatiin, lixaan Aanaa Cirootiin, akkasumaas bahaan
aanaalee Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa jalatti kan argaman Aanaa Gooroo Guutuufi Aanaa
Dadariin daangeeffama. Aanaan Xuulloo gandoota baadiyyaa 30 fi kan magaalaa 1 of keessaa
qaba. Magaalaan Hirnaa, tan teessoo bulchiinsa aanichaa taateefi yeroo ammaa Aanaa Addaa
Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa ta’uun ofdanda’uun achi baate, kan argamtu aanaadhuma kana
keessa. Bal‘inni lafaa aanichaa immoo iskuweer kiloomeetrii 450 yoo ta’u haala qilleensaa
baddaan 43.3%, baddadareen 53.7% fi gammoojjii 3% qoqqoodama(Barreeffama Gabaasa
Bulchinsa Aanaa Xuulloo, 2007:3).
Haala qubsuma ummataa ilaachisee, Aanaa Xuulloos ta’ee guutummaa Godina Harargee Lixaa
keessa kan qubatanii jiraachaa turaniifi jiran gosa Oromoo Ituuti (BATO, 2006). Akka maddeen
wabii garaagaraafi odeeffannoon afaaniin manguddoota naannichaa irraa argamte muliftutti
Ituun ilma Murawwaa yoo ta’u, ilmaan sagal qaba.Ilmaan saglan kunneen haadha lama irraa
dhalatan.
Haadhoonni isaaniis Kurraa fi Galaan jedhamu. Itichi haadha manaa Kurra irraa ilmaan afur kan
qabu yemmuu ta’u isaaniis Adayyoo, Arroojjii, Waayyee fi Baayeedha. Afran ilmaan Kurraa
kunniin waliigalatti ‘Afran Mana Ituu’ yookaan ‘Afran Mana Galaan’jedhamuudhaan beekkamu.
Hadha manaa Galaan irraa immoo ilmaan shan qaba. Isaaniis, Baabbo, Gaadullaa,
Elelle,Gaamoofi Alga jedhaman.
Shanan ilmaan Galaan kunneen maqaa waliigalaa kan ‘Shanan Mana Baabboo’ yookaan
‘Shanaanoo’ jedhamuun beekkaman. Walumaagalatti, Ituun gosoota gurguddoo sagal of jalaa
qaba jechuudha. Gosoota Ituu kanneen keessaa kan baay‘inaan Aanaa Xuulloo keessa qubatan
Baabbo, Gaadullaafi Elelleedha (BATO, 2006).Haa ta’uu malee, aanicha keessa sabaafi
sablammoonni biyyattii, akkasumaas gosoonni Oromoo biroolleen baay’inaan jiraatu (Taaddalaa,
2008).

7
BOQONNAA LAMA

1. SAKATTA’A BARRUU

Fookiloorii
Hiika fookiloorii ilaalchisee hayyoonni dirree qorannoo kanarra jiran hunda kan hammachiisuu fi
tokko taasisu hin mul’atu. Kanarraa ka’uun qorattoonni dirree qorannoo kanaa hiika fookilooriif
kennuu caalaa wantoota fookilooriin of keessatti hammatu tarreessu. (Abdurahimaan, 2017).
Gosa fookiloorii ilaalchisuun beektonni garagaaraa yaada isaanii kaa’anii jiru.Isaan keessaa
Fiqaadee (1991:1) Dorson (1972) irraa fudhachuun “Fookilooriin firiiwwan gurguddoo afuritti
qooddama. Isaanis afoola (oral literature), barsiifata hawaasaa (social folk custom),artii
hawaasaa ( folk performing art),Wantoota aadaa ( material culture)” jedhamaniidha.

2.1.1.Afoolaa

Afaan Oromoo afoolaan gabbataadha.Afoola jechuun akkuma maqaa saarraa hubatamu


barreeffamaan osoo hin tahin afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa dhufeefi darbaa kan
jiru ,fuuldurattiis kan darbu daamee aadaa saba tokkooti.Soofiyaa (1999:1)Wirtuu Jiildii -8

Afoola jechuun muuxxannoo hawaasni tokko jiruufi jireenya isaa keessatti isa mudatu
akkasumas wantoota adda addaa kan isaan kalaqan kan hammatu jechuudha. Dhimmoonni kunis
dhalootaa gara dhalootaatti afaaniin darbaa kan dhufe ammas darbaa kan jiruudha. Maalummaa
afoolaa irratti hayyoonni hiika garaagaraa kennaniijiru.Addunyaan (2014:166) haala kanaa
gadiitiin ibsa.

“Afoolli ogummaa labata tokkoo kan biraatti afaaniin darbuudha. Fayyadama afaanii kan ilmi
namaa uumaa, uumama, beekumsa, naatoofi baranee ittiin hubatuufi ibsu jechuun ni
danda’ama. Kana malees, sochii miiraafi sammuu isaa keessatti lubbuu godhee miidhagina
uffachiisee bifa qindaa’na qabuun kan dhiheessu sammuu kan dammaqsu, miira kakaasee kan
sissi’eessu ,hojii uumee ta’uun isaas ifa “jechuun barreesseera.

Yaada barreeffama kanaa irraa kan hubannu, afoolli dhalootaa gara dhalootaatti afaaniin darbaa
kan dhufe ta’uusaa hubanna. Kanmalees, afoolli jiruufi jireenya hawaasaa keessatti wantoota
darbe kuusaa hawaasaa keessaa baasuun isa ammaa kana waliin kan madaalchisuuf ooluudha.

8
Gama biraan immoo wantoota sammuu dhala namaa gammachiisuu danda’an akkasumas,
miidhagina addaa gonfachuun kan sammuu ilma namaa sissi’eessu akka ta’e kan hubatamuudha.
Kanaafuu afoolli faayidaa adda addaa qaba jechuudha.

Afoolli gooroowwan waan gareen hawaasaa tokko waliin qooddatan kanneen akka, aadaa,
amantaa, siyaasa, dinagdee, guddina, qaroomina afaanii, safuu, duudhaafi kkf of keessatti
hammata. Yaada kanaan walqabsiisee, Berhanu (2009:13)’n yoo ibsu “Afoolli aadaa fi duudhaa
hawaasaa kan of keessatti hammatu ta’ee, himiinsa afaaniin dhalootaa gara dhalootaatti kan
darbu akka ta’e nu hubachiisa.

Haaluma walfakkaatuun, Afoolli dhimmoota hawaasummaan walqabatan irratti kan xiyyeeffatu


ta’ee, afaaneessa bu’uura godhachuun sammuutti qabachuufi yaadachuun dhalootaa-dhalootatti
kan darbu damee fooklooriiti (Finnegan, 1970:14).

Hawaasni afoolasaatiin muuxannoo jiruufi jireenyaa, duudhaa, rakkina jireenya keessatti isa
mudate kan ittiin ibsatu ta’uu isaati. Akka Finnegan, (1970:179) barreessitetti afoolli
duudhaawwan afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarban keessaa tokko ta’ee baroota dheeraaf
sammuu namootaa keessaa burqee himamudha. Afoolli yoomessa murtaa’e keessatti kan
qindaa’ee raawwatu akka ta’e ibsiteetti. Yaadni kun kan inni hubachiisu afoolli kalaqa sammuu
dhala namaa ta’ee yoomessa mataasaa kan qabuufi dubbii afaaniin dhalootaa dhalootatti kan
darbu ta’uu isaati. Finnegan (1970:12) barreessitetti gooroowwan afoolaa haala itti dhiyaataniin
garaagara haata’an malee hundi isaanii dhoksaa gadi fagoofi falaasamoota hedduun kan
badhaadhanidha. Kana malees, adeemsa dhalootaa dhalootatti darbaniinis walitti akka dhiyaatan
ibsiteetti. Yaada kana irraa wanti hubatamu gooroowwan afoolaa bifa seenessuu yookiin
walalootiin haalli ittiin dhiyaatan adda adda yoo ta’an illee hundi isaanii ergaa dabarsan kan
mataasaanii qabu. Gooroowwan afoolaa kunniinis adeemsa isaan dhalootaa gara dhalootaatti
taasisan immoo walitti dhufeenya isaanii kan ibsudha. Fedhasaa (2013:33), Misgaannuu (2011)fi
Geetachoo (2008) wabeeffachuun afoolli kalaqa sammuu keessatti qindaa’ee afaaniin kan
himamuufi baattuu seenaa eenyummaa, falasama, ilaalcha, duudhaa, safuu, dinagdee, amantii,
siyaasa, beekumsaafi muuxannoo dhala namaa ta’uun dhalootaa dhalootatti kan darbuufi artii
jecha yookiin ogbarruu dubbii jedhamee akka waamamuu danda’u eera. Akka waliigalaatti,
yaadota armaan oliirraa wanti hubatamu, afoolli haala jiruufi jireenya hawaasaa dhalootaa

9
dhalootatti himamsa afaaniin daddarbaa kan dhufeefi kan darbudha. Afoolli qaama fookloorii
keessaa isa tokko ta’ee muuxannoofi mudannoo akkasumas qabeenya hawaasaa kan ta’an
kanneen akka malleen dubbii, oduu durii, sheekkoo, eebba, abaarsa, makmaaksa, hibboo,
qoosaa, faaruu, sirbaafi kan kana fakkaatan ofkeessatti hammata.

Walumaagalatti yaada haayyotaa armaan olii irraa hubachuun akkuma danda’amu afoolli
hambaa saba tokkoo ta’ee afaaniin dhalootarraa dhalootatti kan daddarbu ta’uu isaafi hiika
afoolaa, haala darbiinsaa, amalaafi faayidaa isaarraa ka’uun kan ibsameedha.

2.1.2.Wantoota Aadaa (Material Culture)

Wantoonni aadaa karaa ibsoota aadaa kanneen haaratti oomishaman yookaan waan uumamaan
jiru jijjiiruun itti gargaaramaniidha. Wanti aadaa yeroo bay’ee wantoota kanneen akka nyaata,
dahannoofi uffata isaan jireenya dhala namaatiif bu’ura ta’aniidha. Wantoonni aadaa dabalataan
wantoota akka meeshaalee mana keessatti itti gargaaraman, fakkiileefi faayoota garagaraa ta’uu
danda’a. Ijaarsa manaa, dallaa, kuusaa midhaanii, hojii harkaa, mimmiidhagsa meeshaa manaa,
tuulaa nyaata horii, kkf gooroo kana jalatti ramadamu (Charlie T, & Kim K, 2011).
Af-walaloowwan

Af-walaloon gosa afoolaa keessaa tokko ta’ee bifa walaloon qindeeffamee kan afaaniin
dhalootarraa dhalootatti darbudha. Maalummaa af-walaloo ilaalchisee Fekade (1991:86) akka
jedhetti af-walaloo jechuun yeroo baay’ee bifa muziqaa qabatee bareedina gonfachuun haala
duraa duuba isaa eeggatee kan dhiyaatudha jechuun ibsa.Yaada kanarraa wanti hubatamu af-
walaloon bifa miidhagina qabuun duraa duuba isaa eeggatee kan dhiyaatu, qabeenya hawaasaa
haala nama hawwatuun ibsuufi dabarsuu isaati.

Afwalaloon gosa afoola keessaa tokko ta'ee, bifa walaloon qindeeffamee kan afaaniin dhaloota
irraa dhalootatti darbuudha. Hiikkaa afwalaloof kennamu keessaa tokko afwalaloon dhangi'a
sagalee muuziqaa dabalachuu osoo ogummaan barreeffamaa hineegalin afaaniin darbaa kan
tureedha. Qorattoonni garaagaraa daangaa adda addaa keessatti afwalalootti hiika kennu.
Afwalaloon meeshaa guddaa yaada keessa ilma namaa jiru ittiin bakkeetti baafatan ta’ee, waan
yaadan, waa’ee jaalalaafi jibbaa, waa’ee abjuufi abdii fuula duraa, waa’ee uumaafi uumamaa,
waa’ee bareedinaafi fokkinaa, dhimma roorroofi dhiphuu, dhimma hojiifi gaddaafi kan kana
fakkaatan ittiin ibsatanidha (David, 2004).

10
Misgaanuu (2011: 60) “Yaadrimeen afwalaloo baay'ee walxaxaadha. Akkanumaa irra keessa yoo
ilaallamu garuu, afwalaloon barreeffamaan osoo hintaane afaaniin dhaloota tokkorraa isa itti
aanutti,naannoo tokko irraa gara ollaatti kan lufuudha. Akka yaada barreessaa kanaatti yaad-
rimeen afwalaloo walxaxaa ta'us afwalaloon afaaniin dhalootaa dhalootatti kan darbuudha.

Walaloon afoolaa (oral poetry) afoola (oral literature) jalatti ramadama. Barreessitoonni biyya
keenyaa hedduun waa’ee walaloo afoolaaf hiika yemmuu kennan;kan afaaniin uumamu,
hurruubamuufi dhalootaa dhalootatti daddarbuudha jechuun ibsu. Qorattoonni tokko tokko
immoo kana hin fudhatani; Fekede (1991:84)fi Dorson(1972) haala kanaan hiika kennuun
dogoggora akka ta’e ibsa sababni isaas walaloon afaaniin qofa osoo hin taane wantoota adda
addaa waliin uumama. Fedhasaa (2013:49) ibsetti “Walaloon afoolaa waa’ee wanta tokkoo bifa
walalootiin qindeessee kan himuudha”.Walaloon afoolaa aadaa Oromoo keessatti durii kaasee
waa’ee ogummaas tae bu’aa ba’ii jireenyaa walaloodhaan waan ibsatuuf, kunis waltajjii dhimma
hawaasummaarratti hurruubamuun waan dhugoomuuf hedduu akka jaalatamu addeesseera.

1.1.1. Weedduu

Weedduun wallisa nama tokkoon yookaan nama lamaafi isaa ol kan sagalee waljalaa qabuun
dhiiraafi dhiira ykn dhiiraafi dubara, akkasumas, dubaraafi dubara ta’anii weeddisaniidha.Yeroon
raawwii isaas, yeroo adamoo, karaa yemmuu deeman, dhimma adda addaa yemmuu raawwatan
kan weeddifamuudha (Gumii Qormaataa Afaan Oromoo Jildii 6,1993:119).

Gammachuun (2003:8-9) yoo ibsu, weedduun wantoota aadaa uummata tokkoo calaqqisiisan
keessaa isa tokkoodha. Innis, kan safara gabaabaa of keessatti hammatu ta’ee sirba garaa garaa
sirbuuf gargaaruudha. Weedduun walaloo gabaabaa ykn tuuta jechoota weeddifamanii ijaarsa
barreeffama ifaafi gabaabaa ta’een toora tooraan hiramuun, yeedaloo kan of keessaa qabuudha.
Kana malees, idileetti yoo ilaalle weedduun yaada adda addaa ibsuuf qooda hedduutiifi cabsata
sagaleetiin kan dhiyaatu ta’ee jaalala, komii, arrabsoo, mararoofi kkf kan ibsuudha. Uummata
seenaan isaa barreeffamaan carraa hin argatin turan kan akka uummata Oromoof bu’aan
weedduun qabu akka salphaatti hin ilaalamu. Seenaa jechoota adda addaafi safuu keessatti
dhimma itti baanu of keessatti qabatee dhalootaa dhalootatti dabarsa.Guddina afaaniif hedduu
gumaacha (Wasanee, 1984:25).

11
1.1.1.1. Gooroowwan Weedduu

Weedduu gosoota heddutu jiru. Oring (1986:65) akka ibsutti weedduun ammayyaas ta’e kan
aadaa qabiyyeefi ergaa isaanii irratti hundaa’uun weedduu jaalalaa, weedduu cidhaa, weedduu
loonii, weedduu amantiifi weedduu hojii faa’i. Finnegan (1976), weedduu qabiyyee isaa irratti
hundaa’uun yoo ibsu: weedduu jaalalaa, weedduu gaa’eelaafi weedduu jibbaa jechuun
qoqqooddee jirti. Akkasumas Cimdiifi Selaamaawwit (2012) ibsanitti, weedduu gaa’ilaa,
wedduu jaalalaa, weedduu booyichaa, weedduu geerarsaa, weedduu ateetee, weedduu waraanaa,
weedduu qeeqaa, weedduu azmaariifi weedduu hojiifaadha.Gosoonni weeddu armaan oliitti
eeraman kunneen haalaafi yeroo tokkoon hin weeddifaman yoomeessa mataa isaanii
qabaatu.Fakkeenyaaf, weedduun gaa’eelaa yeroo cidhaa raawwatamudha.Weedduun booyichaas
yeroo namni du’u reeffa gaggeessan raawwata, akkaasumas weedduun ateetees ayyaana ateetee
irratti weeddifama.Qorannoon kuniis, gosoota weedduu keessaa qaaccessa weedduu yeroo
midhaan daakanii irratti xiyyeeffata.

1.1.1.1.1. Dikkoo
Oromoota Ituu, Humbannaafi Afran Qalloo biratti weedduuwwan hedduutu bal’inaan hojiirra
oola.Isaan san keessaa tokko weedduu mirriiysaa, darassii yookaan darashii, heellemaa,
shoobdoo, lakkoo, daaddisa, hooylee, hayoo-meettoofi dikkoo maqaa dhawuun ni danda’ama.
Dikkoon weedduulee hawaasa Oromiyaa gara bahaa jiraatan biratti beekkaman keessaa isa
tokko. Weedduun kun kan weeddifamu guutumaanguututti dubartootaan yemmuu ta’u kan
weeddifamuus yeroo midhaan harkaan daakaniidha. Garuu, hirmaattoonni isaa kun dubartoota
umrii garagaraarra jiran ta’uu danda’a. Haa ta’uu malee weedduun dikkoo dubartoota sadarkaa
umrii, hawaasummaafi dinagdee garagaraarra jiraniin weeddifamu garaagarummaa hin qabu
(Faayoo, 2017).

Haaluma walfakkaatuun yoomeessi weedduu dikkoo yeroo midhaan harkaan daakan ta’ulle
midhaan daakaa irratti dikkoon weeddifamu kan garagaraati. Meeshaan midhaan daakkiif oolan
dhagaa daakuufi willee yookaan majjiidha.Kanumaan walqabatee qabxiin hubatamuu qabaatu
inni biraa akka weedduu af-walaloo isa birootti meeshaa aadaa kan addaa weedduu dikkootiif
hojiirra oolu hin jiru meeshaadhuma midhaan daakkiif oolu sana malee. Qabiyyyee
walaloowwan af-walaloo dikkoofi faayidaalee weedduu dikkoo, malleen dubbii weeddicha

12
keessatti hojiirra oolan, akkasumaas, ga’ee dikkoon ijaarsa eenyummaa ummata naannichaa
taphatu bu’aa qorannoo kanaatiin kan ifa taasifamu ta’a (Mahammadkamal, 2021)

Afwalaloo dalagaa kanneen Harargee keessatti beekkamaa turan keessaa inni dikkoodha. Dikkoo
wantoota afwalaloo birootiin adda taasisu hedduutu jira. Tokkoffaa dikkoon weedduu yeroo
midhaan harkaan dhagaa daakaarratti daakan weeddifamuudha. Kana malees, dikkoon
guutumaan guututti kan weeddifamu dubartootaani. Kun kan ta’eef akka duudhaa hawaasa
naannichaatti hojiin mana keessaa kan akka midhaan daakuufi nyaata bilcheessuu kornayaa
dubartootaatiif kan laatame waan ta’eef jecha Mahaammadkamaal, 2021).

1.1.1.1.2. Hooylee
Hooyleen weedduu hojii isa tokko yemmuu ta’u, inniis kan weeddifamu yeroo midhaan
keessattuu mishingaan muramee mataan irraa shalabame ooyruu keessaa uudarratti
guuramuudha. Kan weeddisuus warreen dubartootaati. Kana ilaalchisee ragaan afgaafiin arganne
akkas jedha:

Akkuma beekkamu dubartoonni yeroo oomishaa yookaan midhaan calleeffamu


dhiiroota faana ooyrutti bobbahuudhaan hojii oomishaa gargaaran. Dubartoonni
yeroo hojii oomishaa kanarratti qooda fudhatan maroon waliif oolan. Yeroo kana
hamilee wal kakaasuuf yookaan wal mirqaansuuf hooylee ja’an. Hooylee jechaati
bishingaa ooyruu keessaa uudarratti daabalan. (Odeefkennaa 03: Afgaafii).

Akkuma yaada afgaafiin argame kanarraa hubatamutti, weedduun hooylee yeroo bishingaa
muramee mataan irraa kutame ooyruu keessaa uudarratti walitti qabamu weeddifama.
Kanaafuu, yoomeessi yookaan yeroon isaa yeroo midhaan guuran, iddoon immoo
ooyruudha jechuudha.

Akkaataa dikkoon itti weeddifamu ilaalchisee Faayoo (2017) akka itti aanutti ibsite:

Afwalaloon dalagaa kan Oromoo Harargee biratti bal‘inaan beekkamu inni biroo
hooyleedha. Hooyleen afwalaloo dalagaa kan yeroo midhaan murame ykn haamame
ooyruu keessaa gara uudaatti guuran sirbamuudha. Hooyleen kan sirbamuus
warreen dubartootaa qofaani. Warreen dhiiraa hojii midhaan murame ykn
haamame uuda irratti guuruu kana hojjatanillee hooylee hin jedhan. Hooyleen

13
yeeroo baay‘ee midhaan faarsuuf kan sirbamudha. Akkaataan itti weeddifamuus,
shamarran yookaan dubartoonni garee lakkoofsaan walqixa taa’an lamatti
qoodamuudhaan gaalee bo’oo walaloo dikkoo muraasa yookaan guutummaa bo’oo
irra deebi’uudhaan wal jalaa qabuudhaani (f. 39).

Akka yaada kanarraa hubannutti hooyleen guutumaan guututti kan weeddifamu


dubartootaan akk taheedha. Kana malees, akkaataan itti weeddifamu garee namootaa
baay’ina lakkoofsaatiin walqixa ta’an lamatti qoodamuudhaan akka ta’e hubanna.
Walaloon weedduun hooylee caaseeffama adda ta’e qaba. Kuniis bo’oo jalqabaa walaloo
hooylee keessa birsaga sagaltu argama. Bo’oo lammaffaa keess immoo birsaga kudha
lamaatu argama.

1.1.1.1.3. Darassii (Darashii)


Weedduu afwalaloo darassii weedduuwwan ummata Oromoo Baha Oromiyaa keessa jiraatan biratti
beekkaman keessaa isa tokkoofi kan bu’uraati. Weedduun kun kan weeddifamu dhiirootaan yemmuu
ta’u, inniis hojii qonnaa yookaan ooyruu yeroo hojjetaniidha. Haa ta’uu malee, darassiin yeroo tokko
tokko ooyruu malees iddoo biraatti weeddifamuu danda’a. Fakkeenyaaf akaakuu daboo isa daboo
galfataa jedhamuun waamamuutu jira. Akaakuun daboo kanaa waan daboo (guuza) biraatiin adda isa
godhuutu jira. Kuniis namoonni guyyaa ooyruu abbaa daboo (abbaa guuzaa) hojjechaa oolan galgala
afeerraaf gara mana abbaa guuzaatti (abbaa dabootti) galan. Yeroo gara mana abbaa dabootti galan
kana akkuma guyyaa ooyrutti darassii weeddisaa oolanitti hanga hirriibaaf gara mana mana isaaniitti
galanitti weeddisuun waarii’an. Kanaafuu yoomeessi weedduu darassii ooyruu qofatti kan murtaa’uu
miti jechuudha (Tasfaayee, 2017).

Qabiyyeen weedduu darassii (darashii) irra caalatti qonnaafi hojii qonnaatiin kan walqabateedha.
Akka ragaan odeefkennitoota qorannoo kanaarraa argame mul’isutti, weedduu afwalaloon darassii
carraaqqataafi carraaqqata jajjabeessuuf, beelaafi hiyyummaa balaleeffachuuf, hamiilee hojii waliif
kennuuf, akkasumaas, darbee darbee quuqaa siyaasaa ibsachuufi seenaa walyaadachiisuurratti
xiyyeeffata. Kana malees, darassii weedduu hojii biroorraa kan adda taasisu caaseeffama walaloo
isaati. Walaloowwan weedduu darassii yeroo baay’ee bo’oo lama qabaataniis, darbee darbee kanneen
bo’oo sadii yookaan afur qaban ni jiran. Darassii afwalaloo hojii biroorraa kan addaan baasu,
baay’ina bo’oo walaloowwanii osoo hintaane baay’ina birsagoota tokkoon tokkoo bo’oowwan
walaloowwan weedduu kanaa qabaniidha. Bo’oowwan walaloowwan weedduu darassii ciroo

14
(gaalee) walqixaa lamatti qoodaman. Tokkoon tokkoo ciroowwan bo’oo walaloowwan darassii
jechoota saffara birsagaa torba ta’e qaba (Tasfaayee, 2017).

1.1.1.1.4. Shororee
Shororeen akkuma shoobdootti afwalaloo tumaa midhaanii irratti sirbamuudha. Wanti guddaan
shororeefi shoobdoo adda godhu haala midhaan itti tumaniidha. Shororeen kan sirbamu yeroo
midhaan horii gaafaafi kotte duudaa irra oofuun calleeffamuudha. Afwalaloo kana kan sirban
warreen dhiiraa yemmuu ta‘u akkuma shoobdootti dubartoonni hin sirban (Faayoo, 2017).
1.1.1.1.5. Shoobdoo
Weedduuwwan (afwalaloowwan) hojii ummata Oromoo Harargee biratti beekkaman keessaa
inni biraa shoobdoodha. Shoobdoon kan weeddfamau yookaan shoobdeeffamu yeroo midhaan
uleedhaan dhahaa calleessaniidha. Kaayyoon ijoo weedduun shoobdoo weeddifamuuf
hirmaattoonni weeddichaa yookaan namoonni hojii midhaan tumuu irra jiran akka dadhabbiin itti
hindhaga’amneefi si’aa’ina horataniif ta’ullee walaloowwan shoobdoo qabiyyeewwan garagarra
qaban. Akka Faayoo (2017) ibsitetti, qabiyyeewwan weedduu shoobdoo kanneen akka abbaa
yookaan haadha daboo faarsuu, quuqaa garaagaraa ibsuu, wal qeequufi wal gorsuu, wantoota
garaa garaa faarsuu, abbaa (haadha) daboo eebbisuu, abbaa daboo afeerraa gaafachuu,
ta’eewwan seenaa bebeekkamoo dhalootaaf dabarsuu, Waaqa kadhachuufi galateeffachuu,
adeemsa hojii tumaa keessatti qajeelfama addaa addaa waliif laachuufi hojiirratti wal siaeessuu
faa’a dabalata.

Amaloota Weedduu
Afoolli ergaa barbaadame tokkoo dabarsuuf amaloota adda addaa qabaachuu danda’a.
Weedduuniis akkuma qaama afoolaa isa xiqqaa tokkootti amalootni afoola keessatti beekkaman
weedduu keessatti ni mullatu.Amalli weedduun qabu keessaa inni tokko dhalootaa dhalootatti
daddarbuu,miidhagummaa qabaachuu,jijjiiramuu danda’uufi yoomeessa qabaacuun amaloota
weedduun qabu keessaa isa hangafa.Itti dabalees amalli weedduun qabu keessaa inni biro immoo
mana rukuttaa dha. Haa ta’uu malee,weedduun marti isaanii mana kan rukutan ta’uu dhiisuu
danda’u. Kana ilaalchisee Sumner Claude (1997:67) “..structurally Oromo love poetry is
purely serves for sound parallelism as well as rhythmic function .Oromo focuses more on
beauty of forms of poetry specially in poetry than its meaning” jedha. Akka yaada nama
kanaatti Caaseffama isaatiin, walaloon jaalalaa Oromoon walaleessu bifa naqaa sagalee haala
15
miidhagina qabuun qindeessuu fi rukuttaa miidhagsuuf tajaajila. Hiikaa isaa caalaa, Oromoon
kan irratti xiyyeeffatu miidhagina sassaankaa (forms) walaloo irrattidha.

Qabiyyeewwan Weedduu
Weedduun tokko akkuma walaloo barreeffamaa qabiyyee mataa isaa qabaachuu danda’a.
Qabiyyeen dhaamsa weedduu sanaa dabarsuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u bifiyyeen haala itti
fayyadama jechootaafi malleen dubbii kan ilaalu ta’a.Kana ilaalchisuun:Finnegan. (1970),
Qabiyyeen dhaamsa namootaaf dabarsuu agarsiisa jechuun ibsitee jirti.

Faayidaa Weedduu
Oromoon karaa weedduu isaatiin wanti inni hin ibsine hin jiru.Dhimmoota adda addaa irratti
yaada kennuufis ta’e tajaajila adda addaa itti ba’uufis.Kana ilaalchisee, Finnegan (1970: 270)
yoo ibsitu, “Songs can be used to report and comment or current affairs, for political pressure
for propaganda and to reflect and mould public opinion” jetti. Kana jechuun weedduun dhimma
yeroon walqabate, dhiibbaa siyaasaa, kaka’umsaafi ilaalcha hawaasaa ibsuuf kan fayyaduudha.
Dhalli namaa miira xiin-sammuutiin socha’a. Dhimma kam keessattiyyuu fedhii isaa guuttachuu
barbaada.Dhimmootiin kunis hawwii, fedhii barbaaduufi dhageettii keessa dhala namaa
walalootiin ifa bahu kun immoo wantoota faayidaa qabeessa dhala namaa faana walqabatan
marti eenyummaa isaallee dabalatee faarsaa walaloo uummatichaa faana hidhata guddaa qabu
(Misgaanuu,2011:71-76).

Sakatta’a Qorannoolee Walfakkii


Mata duree kana jalatti waraqaalee qorannoo kana waliin walitti dhufeenya qaban yookiin
walfakkaatan kan keessatti dhiyaatanii dha. Kanaafuu mata duree qorannoo kanaan guutummaan
guutuutti kan walfakaatanii hojjetaman hanga qorataan sakatta’a gaggeessetti kan hin argamne
ta’uyyuu kan mata duree kanatti dhiyaatan ni jiru. Haaluma kanaan qorataan qorannoo kana
waraqaalee qorannoo garaagaraa kanaan dura hojjetaman sakatta’uudhaan waraqaalee qorannoo
kana waliin walitti dhufeenya qaban yookiin walitti dhiyaatan jedhee yaade haala itti aanuun
ibsee jira.

Afwalaloo ilaalchisee matadureewwan adda addaa irratti qorannoowwan gaggeeffaman yoo


jiraatanis hanga qorataan yeroo garaagaraa keessatti ilaaleetti qorannoon kallattiin qaaccessa
weedduu diikkoo yeroo midhaan daakanii jedhu irratti gaggeefame hin jiru.Haata’uu malee,

16
qorannoon mata-duree kanaa waliin hanga tokko walitti dhufeenya qabaniifi bu’uura qorannoo
kanaa ta’an bifa armaan gadiin sakatta’amaniiru.

Sakatta’insi kunis tokkummaafi garagarummaa qorannoo kanaafi qorannoo sakatta’ame gidduu


jiru ibsuurratti kan xiyyeeffateedha.Qorannoowwan sakatta’amanis kanneen armaan gadiiti.
Bayyanaa Laggasaa (2008).Waraqaa digirii lammaffaa guuttachuuf mataduree “Xinxaala
yoomessaafi qabiyyee faaruu loonii” jedhu haala ummata Oromoo godina Baalee aanaa Laga
Hidhaatti gaggeeffame. Qorannoon Bayyanaa faaruuwwan looniin walqabatan, yoomessa kam
keessatti akka faaruun kun dhiyaatuufi qabiyyee faaruu kana keessatti mul’atan kan ibsudha.
Tokkummaan qorannoo Bayyanaaafi qorannoo kanaa karaa faaruun/ weedduun/ waan jaallataan
tokko ittiin jaalala keessa ofii jiru kan ittiin ibsatan ta’uu isaati. Dabalatan qorannoo lameen
keessatti yoomessiifi qabiyyeen faaruu/ weedduu/ ibsamaniiru.Akkasumas qorannoo lameen
keessatti ergaan afwalaloon darbu ibsamani jiru. Garaagarummaaan qorannoo kanaafi qorannoo
Bayyanaa gidduu jiru qorannoon kun ergaa afwalaloo weedduu dikkoo qabiyyeen dhiyaatu
ibsuu,yoomeessa akkamii keessatti akka weeddifamu ibsuufi ijaarsa eenyummaa hawaasaa
keessatti qabu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, qorannoon Bayyanaa ergaa afwalaloo gama
looniin darbuufi haala afwalaloon faaruu loonii itti dhiyaatu ibsuurratti kan xiyyeeffatedha.
Akkasumas qorannoon Bayyanaa keessatti qabiyyeen faaruu, looniifi meeshaalee aadaa faaruun
sun waliin deemu ibsuu irratti kan xiyyeeffatee dha.

Taaddalaa Olaanaa (2008). Waraqaa digirii lammaffaa guuttachuuf mataduree “ Xinxaala


weedduu lakkoo” haala Oromoo Gaamoo godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaatti
gaggeeffame. Qorannoo Taaddalaan gaggeesse keessatti weedduuwwan lakkoon walqabatan
shan ibsamaniiru. Isaanis:Weedduu dikkoo, weedduu dhiichisaa, weedduu heellemaa, weedduu
shaggooyyeefi weedduu heelleeti.Weedduuwwan lakkoon walqabatan armaan olitti tarreeffaman
keessaa dhimmoonni shaggooyyeefi heellee keessatti ibsan qorannoo kana waliin walitti
dhufeenya kan qabanidha. Qabiyyeen afwalaloo shaggooyyeefi heelleen jalatti dhiyaatan
kanneen, seenaa dhaamuu, buhaarsuu, gorsuu, jajjabeessuufi kkf ibsamanii jiru.Akkasumas
ergaan afwalaloo shaggooyyeefi heelleen dhiyaatu ibsamaniru. Qorannoo kana keessattis
weedduu dikkoo dubartiin yeroo midhaan daaktuu jedhu jalatti wanti ibsamee waan jiruuf
walfakkeenya qorannoo lameen kanaa ibsa. Garaagarummaan qorannoo Taaddalaafi qorannoo
kana gidduutti mul’atu, shaggooyyeefi heelleen gosa weedduu lakkoo wayitii cidhaa mul’atu kan

17
gidduu galeeffate yoo ta’u, qorannoon kun weedduu dikkoo kan dubartiin yeroo midhaan daaktu
weeddiftu irratti kan xiyyeeffatedha.

Dikkoo ilaalchisee qorannoon kallattiin godhame dhabamullee, gama garee qormaata Afaan
Oromootiin taasifameefi kana malees moggaasaan adda addummaa haa qabaatanillee, afoola
godinaalee adda addaa keessa jiru irrattiifi afalaloowwan biroo kanneen ummata Oromoo
Oromiyaa gara bahaa jiraatan biratti beekkamanirratti qorannoon godhameera. Isaan kanneen
keessaa kan mata duree kana waliin walitti dhufeenya qabaniifi qorannoo kanaaf bu’uura kan
ta’an tokko tokkotu akka fakkeenyatti kutaa kana jalatti ilaallama.

Barreeffama dikkoorratti barreeffame keessaa tokko kan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti
‘GQAO (2004) itti barreeffameedha. Kunis maalummaa dikkoo ibsuufi walaloowwan dikkoo
sassaabuurraa kan hafe unkaa qorannoo tokkollee hinqabu. Walfakkeenyi qorannoon qorataa
kanaafi barreeffamni Garee Qormaata Afaanii qabaatan walaloowwan dikkoo dhiheessuu
qofarratti.Kana jechuun qorannoon kuniis akkuma barreeffama Garee Qormaata Afaaniitti
walaloowwan af-walaloo yokaan weedduu dikkoo nidhiheessa.Addaa addummaan barreeffama
garee kanaafi qorannoo qorataa kanaa gidduu jiru hedduudha.Isaan keessaa qoratichi
walaloowwan dikkoo dhiheessuu bira darbee qabiyyeewwan ergaa yookaan dhaamsa isaanii
addaan baasa. Kana malees, malleen dubbii walaloowwan weedduu dikkoo keessatti hojiirra
oolan ni tarreessa. Dabalataan, qorannoon kuneenyummaa hawaasa naannichaa ibsuurratti
shoora dikkoon taphatu ni xiinxala. Egaa, kun hundi barreeffama garee kanaa keessatti
hintuqamne.

Qorannoowwan unkaa qorannoo guuttatan kanneen mataduree walitti dhiheenya qabaniifi iddoo
qorannoon irratti gaggeeffamteen firooma qaban hammi tokko ni jiru. Isaan keessaa Tasfaayee
(2013), digirii lammaffaa guuttachuuf mata duree “Qaaccessa akaakuufi qabiyyee geerrarsa
haala Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Limmuu” jedhurratti qorannoo gaggeessee jira.

Kunis gosootuma afoolaa keessaa geerrarsarratti kan hojjetame yoo ta’u, kuniis af-walaloowwan
Oromoota iddoo garagaraa jiraatan biratti beekkaman keessaa tokko ta’uun wal isaan fakkeessa.
Kanaafuu, walitti dhufeenyi kan qorataafi kan Tasfaayee (2013) gidduu jiru afoola af-walaloo
ta’uu isaaniiti.

18
Tigist Sanbaaa.(2005).digrii lamaffaa guutachuuf mataduree “Qaacceessa qabiyyee afwalaloo
Oromoo waltajjii hawaasummaa haala afwalaloo salaalee” jedhurratti kan hojjatameedha.
Kuniis gosoota ogafaanii keessaa tokkoo kan tahe afwalaloo Salaalee haala kamiin akka
waldeegaruun waltajjii hawaasummaarratti godhamuu kan ibsame taha.Waliitti dhufeenyi
qorannoo Tigistiifi kan qorataa kanaa isaan lachuutuu gosoota ogafaanii tahuufi amala ogafaanii
qabachuun isaan walfakkeessa.

Adda addummaan isaan jidduu jiruu kan qorataa qaacceessa qabiyyee weedduu dikkoo
Harargee Dhihaa kan hojii midhaan daakuu irratti dhihaatu yoo tahuu, kan ishee immoo
qaacceessa qabiyyee walaloo Oromoo Salaalee kan waltajjii hawaasummaarratti dhihaatu
tahuun adda isaan taasisa.

Qorataa Waaqjiraa Lammeessaa(2011) qorannoo ulaagaa digrii lammaffaa gamisaan ittiin


guuttachuuf mata duree ,Qaaccessa Weedduu Arrabsoo Sirna Fuudhaafi Heerumaa Oromoo
Wallagga Lixaa Aanaa Jaarsoo Ija Yaaxxina Caasaan Immoo Weedduu Arrabsoo Sirna
Fuudhaafi Heerumaa ija yaaxxina caasaan kan qaaccesseedha. Walitti dhufeenyi qorannoo
Waaqjiraa Lammeessaa(2011) fi qorannoo kanaa lamaan isaaniiyyuu gosa weedduu hawaasa
Oromoo biratti beekkamuufi af-walaloo ta’uu isaaniiti.Garaa garummaan isaanii kan Waaqjiraa
Lammeessaa Weedduu Sirna Fuudhaa fi Heerumaa irratti weeddifamu yammuu ta’u qorannoon
kun Weedduu yeroo hojii hojjatanii ykn dubartiin yammuu midhaan harkaan daaktu weeddistuu
irratti xiyyeeffata.

Simeenesh Bulloo (2007), waraqaa digirii jalqabaa (BA) guuttachuuf mataduree “ Xinxaala
weedduu jaalalaa” haala ummata Oromoo Godina shawaa kibba Lixaa aanaa Walisoo irratti
gaggeeffame Walitti dhufeenyi qorannoo kanaa lamaan isaaniiyyuu gosa weedduu hawaasa
Oromoo biratti beekkamuufi af-walaloo ta’uu ,Qorannoon lameenuu Afaan Oromootiin kan
gaggeeffamedha, Lameenuu sadarkaa guddina afwalaloo barreeffamatti jijjiiruu keessatti gahee
mataa isaanii ni gumaachu.Garaa garummaan isaanii kan .Simeenesh Bulloo weedduu jaalalaa
irratti yammuu ta’u ,qorannoon kun Weedduu yeroo hojii hojjatanii ykn dubartiin yammuu
midhaan harkaan daaktu weeddistuu irratti xiyyeeffata.

Dhumarratti, Faayoon (2017) qorannoo mataduree, “Xiinxala Shoobdoo, Af-walaloo Tumaa


Midhaanii: Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo,” jedhurratti hojjette. Walitti dhufeenyi

19
qorannoo Faayoo (2017) fi kan qorataa kanaa waan lamarratti. Isaan keessaa kan duraa
walfakkeenya iddoo qorannooti. Qorannoon Faayoo (2017) Godina Harargee Lixaa Aanaa
Xuulloo irratti hojjetame.Haaluma Walfakkaatuun qorannoon kuniis Godina Harargee Lixaa
Aanaa Xuulloo irratti hojjetama.Walitti dhufeenyi biraa, qorannoowwan lachuutuu af-walaloo
weedduu hojii midhaaniitiin walqabaterratti xiyyeeffatan.Addaaddummaan isaanii qorannoon
Faayoo (2017) waa’ee shoobdoo, af-walaloo yeroo midhaan tumanii yookaan dhahan
weeddifamu xiinxalti. Qorannoon kun immoo af-walaloo weedduu yeroo midhaan harkaan
daakan weeddifamu xiinxaluurratti xiyyeeffata.

Mohammad-Kamaal Usmaan Muussaa(2021) qorannoo matadureen isaa “Xiinxala


Qabiyyeewwan Afwalaloo Dikkoo Dubartoota Oromoo Harargee Aanaa Gurawaa” mata dureen
kan koofi kan isaa jidduu jiru garaagarummaa kan koo haala akkamii fi yoomessa akkamii
keesatti akka weeddifamu, ijaarsa eenyummaa Oromoota baha Oromiyaa ibsu,Yeroo baay’ee
Weedduu Dikkoo Kan fayyadaman Yeroo midhaan dhakatti daakan malee yeroo mooyyee
tumanii miti.Mooyyeen nam lamaan tumuu danda’u,Yeroo mooyyee tuman hurubumni isaa
ariifataa waan ta’eef carraa weeddisanii hojechuu namaaf hin kennu. kan Mohaaammad-Kamaal
Wantoota Dikkoo irratti miidhaa geessisan,Faaydaa Dikkoon Hawaas Diinagdee Dubartootaaf
qabu ija kanaan kan qaacceeffameedha.

2.7.Walitti Dhufeenya Weedduuwwan Hojii Kanneen Biroofi Dikkoo


Ummata Oromoo Harargee biratti afwalaloowwan yeroo hojii weeddifaman hedduutu jira. Isaan
keessaa shoobdoo, hooylee, darassii (darashii) fi dikkoon warren beekkamoodha
(Mahammadkamaal, 2021). Tokkoon tokkoon isaanii yeroofi bakka (yoomeessa) irratti
weeddifamaniifi walaloowwan caaseeffama adda addaa qaban qabu (Faayoo, 2017). Akkaataan
isaan itti weeddifamaniis adda adda. Tokkoon tokkoo isaanii akka itti aanutti mataduree
matadureetti qoqqoonnee haa ilaalluu.

Yaaxxina Qorannoon Kun Bu’uureeffate


Yaaxxinoota baayee ta’antu qu’annaafi as-dhuftee afoolaa irratti hayyoota gargaraatiin kenname.
Yaadiiddamoonni qu’annaa fookloorii kanneen akka yaadiiddama xiinhiikaa, yaadiiddama
bifiyyee, yaadiiddama naamusaafi hawaasaa, yaadiiddama ibsiinsaa, yaadiiddama miira
hubsurrii, yaadiiddama miidhagiinsa ogbarruu, yaadiiddama madaaliinsa fookloorii, yaadiiddama

20
pooliijenasasiifi yaadiiddama difiyuuzyinii maqaa dhawuun ni danda’ama (Isaacs, 1989). Haa
ta’uu malee, yaadiiddamoonni qorannoo kanaaf barbaachisan kanneen armaan gaditti
ibsamaniidha.

1.1.2. Yaadiddama Faayidaa (Functional Theory)

Akka yaada yaadannoo koorsii (Literature and Criticism) jedhamu irraa argametti,
yaadiddamoota xiinxala afoolaatiif oolan keessa inni kan jalqabaa yaaxxina faayidaa/ tajaajilaa
(functionalism theory) dha. Yaadiddamni kun, aadaa ummataa keessatti faayidaa inni kennu
maal akka ta‘e, jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti ga’een inni taphatu, malli ittiin qoratamu
Afaan Ingiliziitiin ‘Functionalism’ jedhamee beekkama. Mala qorannoo kanatti fayyadamuun
adda durummaan kan beekkamu ‘Malinowski’ jedhama. Kana malees, raagoowwaniifi firiiwwan
afoolaa kanneen jireenya ummataa keessatti faayidaa qaban gadifageenyaan qorachuun kan
beekkamu ‘Wiliam Bacon’ jedhama (Literature and Criticism, p. 84). Wiliam Bascom faayidaa
akaakuuwwan afoolaa maal akka ta’an uummata keessa galee bu’aa qorannoo isaatiin
argisiiseera. Akka Bascom ibsetti: Akaakuuwwan afoolaa akka siidaa bakka tokko dhaabbatanii
kan hafanii miti,Akaakuuwwan afoolaa ni guddatu, ni jijjiiramu, ni fooyya’ufi Akaakuuwwan
afoolaa aadaa ummataa wajjiin walitti hidhatiinsa waan qabaniif ilaalchaafi falaasama isaa ni
addeessa.
Akka yaada kanarraa hubannutti, hayyuuwwan yaadiddama faayidaa, qaama hawaasaa garagaraa
fi hariiroo isaanii walbira qabiinsa qaamaatiin (organic analogy) addeessuu irratti
xiyyeeffata.Qaacceessa hayyoota yaadiddama tajaajilaa barbaachisummaa ta’eewwan hawaasaa
qorata; kuniis, tajaajilichi hawaasa murtaa‘aa tokko akka guutuu isaanii bakka bu‘utti ilaalama.
Yaadiddamni tajaajilaa yaadiddama Xiinhawaasaa (sociology) kan xiinxalaafi hubannaa hariiroo
hawaasaa tokko tokkoof oolu keessa isa guddaadha. Yaadiddamni kun maaliifi akkamitti caasaan
hawaasaa tokko hawaasicha keessatti akka hojiirra oolu faayidaa isaanii lafa kaa‘uuf tattaafata
(Bascon, 1996).

1.1.3. Yaadiddama Haalawaa (Contextual Theory)

Yaaxxinni kun xinqooqa keessaa yaadrimee – verbal behavior, Xin-yaadaa keessaa –


functionalism, Xinhawasa keessaa-rol playing, Xinsammuu keessaa - ego irratti hundaa`uudhaan
qorannoo afoolaaf gargaarama.

21
Waa’ee yaaxina haalaa Dorson (1972:45) yoo ibsu“the folklore concept applynot to a text but to
an event in time in which a tradition is performed or communicated”jedha. Akka yaada kanaatti
afoola tokko qo’achuun kan danda’amu, waan raawwatee /ta’erraa/ otoo hinta’iin waan
raawwachaa jiru bu’uura godhachuuni.

Kunis haala qabatamaa afoolli sun keessatti hurruubamu, akkaataa itti hurruubamu, waantoota
yeroo hurruubbii hurruubaan dhimma itti bahu, walumaagalatti yoomessa sana keessatti
argamuun waan afaaniifi gochaan raawwatamu faana bu’uun kan gaggeeffamu ta’uu nu
hubachiisa.

22
BOQONNAA SADII

2. MALLEEN QORANNICHAA

Boqonnaa kana keessatti tooftaalee qorannoo koo naaf milkeessuu dan da’an kan keessatti
dhihaatuu dha.Mata dureewwan kunneeniis;Saxaxa qorannoo,Iddattoofi Iddateessa, Malleen
Funaansa RagaaleeMalleen galmeessa Ragaalee,Mala Ragaalee Barreeffamatti Jijjiiruu,Mala
Xiinxala Ragaaleefi Naamusa qorannootu dhihaata.

Saxaxa Qorannichaa
Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa dikkoo, afwalaloo yeroo midhaan daakanii haala Godina
Hararee Lixaa Aanaa Xuulloorratti xiyyeeffateen xiinxaluudha.Kaayyoo kanarra ga’uudhaaf
saxaxni qorannoo filatamee qorannoon kun gaggeeffame mala qorannoo akkamtaati.Qorannoon
mala kanaan (akkamtaan) geggeeffamu odeeffannoo argate mala addeessaatiin ykn mala
ibsaatiin dhiheessa.Ragaalee akkamtaan argame jecha irratti hundaa’uun mala addeessaatiin
yookiin ibsaatiin fayyadamuun qaacceesee kan dhihaateedha.
Qorannoon kun kan ibsamu qorannoo akkamtaarratti waan hundayyuuf saxaxni isaa ibsaa
akkamtaadha. Bu’uuruma kanaan qorataan qorannoo kanaa mala qorannoo akkamtaa
fayyadamuun ragaalee barbaachisaa ta’eefi qabatamaa ta’e funaannaachuun qaacceesseera.
Akkasumaas, qorannoon kun akkaataa diikkoon dubartootaa itti weeddifamuu fi madda
odeeffannoo irraa xiinxalaan funaanuun qabata ogbarruu saayinsiitiin walbira qabuun kan
xiinxalameedha.Malleen kana wanniin filadheef qorannoo koo gadi fageenyaan akkaan
gaggeessu na taasisaniiru.
Iddattoo fi Iddatteessuu

2.1.1. Iddattoo

Qorataan namoota weedduu kana beekan jedhamanii qorannoo kana naaf milkeessan jedhee
yaadu manguddoota kudha shan (15) fi dubartoota kudhan (10) waliigala raghimtoota diigdamii
shan (25) aanaa Xuulloo keessa jiraataniin mala iddatteessuu kaayyawaa /purposive sampling/fi
darbaa dabarsaa fayyadamuun hirmaattota qorannoo kanaa taasisuun qoratichi qorannoo isaa kan
gaggeessu ta’a.

23
2.1.2. Mala Iddatteessuu

Qorannoo kana keessatti iddattoowwan barbaachisan kan ittiin filaman mala iddatteessuu darbaa
dabarsaafi iddatteessuu kaayyoo (purposive sampling) ti.Sababni qoratichi mala iddatteessuu
darbaa dabarsaa kana filateefis namoota Aanaa Xuulloo keessa jiraatanii weedduu diikkoo kana
weeddisuu kan yaadatan haadholii gurguddoo umrii dheeraa lakkaawan kan bakka tokko tokkotti
yookaan iddoogara garaatti walirraa fafagaatanii argamaniifi.Iddatteessuun inni lammaaffaa
iimmoo iddatteessuu kaayyoo(purposive sampling)ti sababni iddatteessuun kun filatameefiis
Weedduun Dikkoo hawaasa Harargee Bahaa fi Dhihaa biratti kan beekkamu ta’ullee hawaasni
hundi hubannoo walfakkaataa qabaachuu dhiisuu danda’u. Kanaaf qoratichi namoota
odeeffannoo irraahiin argadha jedhee yaade akka kaayyoo isaatti kan itti fayyadamu ta’a.
Haaluma kanaan, qorataan manguddoota kudha shan (15) fi dubartoota kudhan (10) waliigala
raghimtoota diigdamii shan (25) Aanaa Xuulloo keessa jiraataniin mala iddatteessuu darbaa
dabarsaafi kaayyawaa /purposive sampling/fayyadamuun hirmaattota qorannoo kanaa taasisuun
qoratichi qorannoo isaa kan gaggeessu ta’a.

Malleen Funaansa Ragaalee


Milkaa’ina qorannoo kanaaf, qorataan meeshaalee ragaaleen itti funaanamuu danda’an keessaa
mala afgaaffii, marii garee, daawwannaa dirreefi sakatta’a dookomantiiwwanii fayyadamuun
odeeffannoo barbaachisaa fi ga’aa ta’an kan walitti qabatu ta’a. Sababniis, qorataan meeshaalee
kanneen ragaalee qabatamaa fi amanamaa argachuuf ni danddeessisa jedhee waan itti amaneefi.

2.1.3. Af-gaafii

Qorataan kaayyoo qorannoo kanaa milkeessuuf jecha afgaaffii alcaaseeffamaatti kan dhimma
bahu ta’a. Sababni isaas afgaafiin alcaaseeffamaa ragaa dursanii tilmaamuu hin dandeenye
hedduu sassaabuuf waan nama gargaaruuf jecha. Kaayyoon afgaafii inni guddaan ragaa qabiyyee
afwalaloo dikkoo beekuuf nama dandeessisan sassaabuudha.

Afgaaffii keessatti qorataan gaaffii gaafatu haala iddattootaaf galuun ibsuu, akkasumas
iddattoonni bakka gaaffiin gaafataman hin galleefitti carraa gaafatanii hubachuu danda’aniin kan
dhiyyaatuudha. Qorataanis iddoo deebiin iddattoonni keennan hin hubatamneefitti akka irra
24
deebi’anii hubachiisan taasisuun ragaa qulqulluu mala argachuu danda’uun kan dhiyyeessu ta’a.
Qorataan qorannoo kanaas dubartootaafi maanguddoota iddattoo qorannoo kanaa ta’an diigdamii
shan (25) gaaffiilee afgaaffiif mijatoo ta’an dhiyyeessuun kan raawwatu ta’a. Bu’uuruma kanaan
qorataan ergaa fi qabiyyee diikkoo addaan baasuuf gaaffiilee banaa Afaan Oromootiin
qopheessuun dubartoota bakka qorannichaa dandeettii kana qabaniif dhiyeessuun odeeffannoo ni
sassaabbata. Kunis gaaffiilee kanneen akka weedduun diikkoo yeroo ammaa sadarkaa kamiirra
jira?, hirmaattotni weedduu diikkoo eenyu faa’i?, weedduun diikkoo faayidaa maalii qaba? fi kkf
of keessatti ni hammatu. Kaayyoon afgaafii inni guddaan odeeffannoo qabiyyee afwalaloo
dikkoo beekuuf nama dandeessisan sassaabuudha.

2.1.4. Daawwannaa

Qorannoo kana keessattti malli odeeffannoo sassaabuuf hojiirra oolu inni lammaffaa
daawwannaa dirree ta'ee qorataan iddoo wanti/gochi ilaaluuf barbaade jirutti qaaman argamuun
ijaan ilaalaa odeeffannoo barbaachisu karaa daawwannaa alhirmaachisaa ta’een odeeffannoo
funaanuuf itti fayyadamuudha. Odeeffannoon daawwannaa kun kan sassaabamu karaa lamaani.
Isaanis meeshaa elektrooniksii kan suur-sagaleetiin waraabuufi yaadannoo garaa garaa
barreeffamaan qabachuun ta'a. Kanaafuu, haala afwalaloon wedduu diikkoo dubartootaa bifa
garagaraan weeddifamu daawwachuun ragaalee sassaabamaniidha. Haaluma kanaan dubartoonni
yeroo midhaan daakan weedduulee weeddifaman daawwachuun weedduulee suur-sagaleefi
yaadannoo qabachuun kan sassaabaman ta’u. Kanaaf, qorataan rag-himtoota marii gareef
qophaa’aniif hubannoo uumuun ennaa weedduu diikkoo weeddisan daawwachuun ragaa
barbaadame suuraafi sagaleen ni fudhata.

2.1.5. Marii Garee Xiyyeeffata

Yeroo ammaa sababa adda addaan weedduu dikkoo dubartootaa yeroo midhaan daakanii
argachuun baay’ee rakkisaadha.Kanaafuu, waltajjii marii garee mataa ofii qopheessuun
odeeffannoo fudhachuun barbaachisaadha. Mariin garee isa namni tokko beekuu, inni biraan hin
beeku, isa tokko dagatu inni biroon itti dabaluu ni danda’a. Kanaafuu, odeeffannoo qorannoo
kanaa keessatti mariin garee ragaa funaanuu irratti akka meeshaa tokkootti hojii irra kan oolu
ta’a. Malli kun akka meeshaa odeeffannoo funaanuu tokkootti kan filatameefis, mata duree
dhihaate irratti yaada namoota adda addaa walitti fiduun kan odeeffannoo afgaaffii fi

25
daawwannaan sirriitti hin ibsamne irratti yaada bal’aafi bilchaataa ta’e walii walii isaani
gidduutti maree geggeeffamuun argachuun waan da nda’amuufi. Mariin garee dhimma murta’aa
ta’e tokko irratti kan qorataan hirmaattota mariisisuun argatuudha. Kanaaf namoota muuxannoofi
beekumsa weedduu diikkoo irratti qaban garee lama kan namoota kudhanii fi torba qabuuf
gaaffii dhiyeessuun odeeffannoon ni fudhatama.Adeemsa marii garee kana keessatti qorataan
haala mijjeessuun kan hirmaatu ta’a.

Qorannoo kana keessatti qorataan gareewwan 5 (shan), kan namoota torba (7) of keessaa
qabaniifi mata duree qoranichaa irratti beekumsaafi muuxannoo garagaraa qaban walitti qabee al
tokko, garee tokkoo waliin sa’aa lama waliigala sa’atii 10f (kudhaniif) mariisisuun odeeffannoo
barbaachisu walitti qabachuun qorannicha gaggeesseera. Qorataan marii garee kanatti kan
fayyadamuuf odeeffannoowwan afgaaffiin argate mirkaneeffachuu waan barbaadeef.

Marii garee kana keessatti kan qorataan manguddoota filateef manguddoonni muuxannoofi
beekumsa qabu akaasumas, waan arganiifi dhagaa’an namaaf qooduurratti shakkii hin qaban
jedhee waan qorataan itti amaneefiidha. Kuniis gaaffiilee af-gaaffii keessatti dhiyaatan tokko
tokko irra deebiin gaafachuuf ni fayyada. Qabxiileen ijoon marii kanaas, weedduun diikkoo
yoomeessa/ haala/ akkamii keessatti raawwata?, faayidaan weedduu diikkoo maali? qabiyyeen
weedduu diikkoo keessatti mul’atan maal fa’i? eroo ammaa weedduun diikkoo sadarkaa maalirra
jira, hawaasni bakka qorannichaa dhimma itti bahaa jiramoo hinjiru? garaagarummaafi
tokkummaa weedduu diikkoo fi weedduuwwan biroo gidduu jiru maal fa’i?, weedduun diikkoo
irra caalaa eenyuun raawwata?, gaaffiilee kanneen qabxii ijoo mariichaa taasifachuun gaafa
15/07/2015 manguddootaa fi haadhoolii bakka qorannichaa keessa jiraatan walitti qabachuun
iddoo tokkotti odeeffannoo qorannoo kanaaf barbaachisu ni sassaabamu.

Qorannoo kana keessatti, garee tokko kan namoota garaa garaa of keessaa qabu (garee gos-
addeetu) filatama. Gareen kuniis ogeeyyii afaanii, aadaafi seenaa kan of keessaa qabaata. Kuniis
kan filatameef ogeeyyii kanneen irraa yaada garaa garaatuu argama jedhamee waan abdatameefi.
Meeshaan sassaabbii odeeffannoo kun kan hojiirra oolu dhumarratti yoo ta’u odeeffannoowwan
afgaafiifi sakatta’a barreeffamootaatiin sassaabaman irratti yaada ogummaan deeggarameefi
odeeffannoo dabalataa ni kennan jedhamuun waan amanamuuf hojiirra oolfama. Marii garee
fayyadamuun ragaaleen meeshaalee birootiin argaman gadi fageenyaan, keessumattuu faayidaafi

26
qabiyyee walaloowwan afwalaloo dikkoorratti yaada bal’aa argachuuf ragaaleen dabalataa ni
argaman jedhamee abdatama.

2.1.6. Sakatta’a Dookumentiiwwanii

Meeshaan funaansa ragaalee inni maayyii sakatta’a barreeffamootaati. Meeshaan funaansa


ragaalee inni kun walaloowwan dikkoo kitaabootaan maxxanfamaniifi barreeffamoota
garagaraatiin walitti qabaman sassaabuudhaan isaan af-gaafiifi marii garee xiyyeeffataatiin
funaanamanitti dabaluuf gargaara. Barreeffamoonni sakatta’amaniis kitaaba BATOtiin
maxxanfamaniifi barruulee WATGHL (Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Harargee Lixaa) tiin
barreeffamanii kaa’amaniidha.

Meeshaa funaansa ragaa kanaan walaloowwan dikkoo soddomaa hanga shantamaa


nifunaanaman. Sakatta’iinsi barreeffamaa kun kan gaggeeffamu erga af-gaafiifi mariin garee
gdhame booda.

Malleen Galmeessa Ragaalee


Malleen galmeessa ragaalee qorannoo kana milkeessuuf itti fayyadame:Mala waraabbii
suursagalee,Mala waraabbii sagalee,yaadannoo qabachuu fi Suuraa kaafachuun ta’a.

Mala Ragaalee Barreeffamatti Jijjiiruu


Qajeelfama raagaalee barreeffamatti jijjiiruu kan Creswell(2012)fayyadamuun raga kiyya
barreeffamatti jijjiireen jira.

Mala Xiinxala Ragaalee


Ragaaleen meeshaalee funaansaa armaan olitti ibsamaniin funaanaman kaayoolee gooree
qorannichaa afran jalatti qoqqoodamuun kaa’amaniiru. Achi booda matadureewwan adda addaa
jalatti qoqqoodamuun ni qaacceeffamaniiru.Sababni malli kun filatameefis Malli qaaccessa
qorannoo akkamtaa gaaffiiwwan maaliif ?Akkamitti? Jedhuuf deebii laachuuf kan carraaquufi
dhimmoota qorannicha keessatti dhiyaatan mara jechaan kan ibsudha.
Sakkoo (Naamusa) Qorannoo
Qorannoon kun dhimmoota naamusaa hedduu ilaalcha keessa galchuun hojjetama. Dhimmoota
san keessaa tokko iccitummaa (secrecy) yookaan dhunfummaa (privacy) raghimtootaati.

27
Qorannicha keessatti raghimtootaatifi ragaaleen isaan kennan koodeeffamuun yookaan lakkoofsa
iccitiitiin kaa’ama waan ta’eef karaa kamiyyuunuu iccitummaafi dhunfummaan raghimtoota ifa
hin baafamu.

Kana malees, hayyamummaa raghimtootaa (informats’ consent) ilaalchisee qoratichi


odeefkennaa yookaan odeefkennituu tokko irraa ragaalee funaannachuun dura kaayyoo fi
waliigaltee hayyamummaa odeef-kennitootaa kan kaayyoon qorannichaa, barbaachisummaafi
naamusni qorannichaa keessatti ibsame dubbifameefii odeefkennaan yookaan odeefkennituun
hayyamoo ta’uun mallatteessa yookaan mallatteessiti.
Kana malees, namni qorannoo gaggeessus of eeggannoo gochuun dhimma qoratu sana seeraan
adeemsisuutu irra jira. Kunis hawaasa sanaan walfakkaatanii akka isaaniitti yaaduufi
raawwachuun safuu hawaasichaa eegaa itti deemuudha.Qorataanis hawaasa kana wajjin turee
duursa waan gochuu qabuufi dhimma laguu qabu akka himaniif gaafata.Sana booda safuufi
hooda hawaasichaa eeggachaa ragaalee funaannata, akkasumaas, isa funaanees qaacceessa.
Dhumarratti, yaadoonni qorannoo kana keessatti hayyootaafi madden garagaraarraa fudhataman
seera wabeeffannaa eeggachuudhaan wabii keessoo keessatti eeraman. Sana booda wabiileen
keessatti eeraman marti tarreeffama wabiilee jalatti odeeffannoo guutuufi sirrii ta’e wajjiin
kaa’aman.

28
BOQONNAA AFUR

4. QAACCEESSAAFI HIIK RAAGAALEE.

Meeshaaleefi Adeemsa Daakkiifi Dikkoon Walqabatan

4.1.1. Meeshaaleefi Wantoota Yeroo Daakkii Barbaachisan

Meeshaaleen daakkiif barbaachisan dhagaa daakuu, wullee (majii), waqartii, marmaaja, ramadaa,
raroo (jilbee), qorii, killoo, qunnaa, fi midhaan daakamuudha. Tokkoon tokkoo meeshaalee
kanneenii tajaajila mataa mataa isaanii qaban. Akkasumaas akkaataa itti fayyadamaa of danda’e
qaban. Ragaaleen qorannichaa meeshaalee funaansaa garaaraatiin argaman akka itti aanutti
qindaa’aniiru.

Fakkii—1: Yeroo Qoratichi Daawwannaa Godhu (Ammajjii, 2015tti Qoratichaan


Kan Kaafame)

29
A. Dhagaa Daaku

Dhagaan daakuu dhagaa daakkii jedhamuuniis ni beekkama. Dhagaan daakkii kan qophaa’u
yookaan tolfamu gosa dhagaa kuusmansaa kan ta’an dhagaa nyaataa, qarsaafi dhagaa booraa
jedhaman irraayi. Bal’inni dhagaa daakuu tajaajila inni laaturratti hundaa’uudhaan
garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf dhagaan daakuu midhaan idilee daakuuf oolu
giddugaleessaan dhundhuma tokkoofi taakkuu takka kan dheeratuu yemmu ta’u bal’inni isaa
immoo guunguma tokko hincaalu. Akaakuun dhagaa daakkii inni midhaan minaaminoo
jedhaman daakuuf tajaajilu immoo bal’ina taakkuu tokkoofi walakkaa, akkasumaas dheerina
guunguma tokko qaba.

Fakkii—2: Yeroo Dubartiin Midhaan Dhagaa Daakuurratti Daaktu (Ammajjii, 2015tti


Qoratichaan Kan Kaafame)

30
Fakkii 3: Dhagaa Daakuu Midhaan Daakuuf tajaajilu (Ammajjii 2015, Qoratichaan
Kaafame)

Dhagaan daakuu inni qooshaa daakuuf oolu, gama biraatiin, dheerina dhuundhuma tokkoofi
bal’ina taakkuu takkaafi walakkaa qaba. Akaakuuwwan dhagaa daakuu sadeen haajiraatanii
malee inni midhaan idilee kanneen akka bishingaa, xaafii, qamadiifi kan kana fakkaatan daakuuf
oolu tajaajila midhaan minaaminaa kanneen akka atara, talbaa, huulbata, saliixa, gaayyoo,
baaqilaa, shumburaafi kan kana fakkaatan, akkasumaas qooshaa daakuuf ooluu danda’a.

Dhagaan daakuu kan bocamee tajaajila midhaan daakuutiif qophaa’u ogeessaaani. Haalli itti
qophaa’uus dura gosa dhagaa isa dhagaa daakuutiif ta’uu danda’u barbaaduudhaan eegala.
Dhaagaa daakuuf ta’u erga argame booda qixa barbaadamutti madooshaadhaan cabsama. Itti
aansuudhaan, rogni dhagichaa arfan hamma barbaadamutti boca reektaangiliitti bocamuun
deebifama. Sana booda dirri lamaan, jechuuniis gubbaafi jalli isaa walqixxeeffama. Achi booda,
baatamee manatti galfamuun tajaajila midhaan daakuutiif oola (Odeef kennaa 03: Afgaafi;
Odeefkennaa 18: Marii Garee).

31
Fakkii 4: Dhagaa Daakuu Qooshaa Daakuuf Tajaajilu (Adooleessa 2015 Qoratichaan kan
Kaafame)

B. Wullee (Majii)

Wulleen yookaan majiin kan qophooytu akaakuu dhagaa isa dhagaan daakuu irraa qophaa’uun
tokkuma. Akkuma tajaajila isaaniirratti hundaa’uudhaanm wulleewwan dhagaa sadiifii isaa ol
jiraachuu danda’an. Wulleen yookaan majiin midhaan idilee daakuuf tajaajiltu balina guunguma
tokkoofi dheerina taakkuu takkaa qabdi. Kana jechuun, wulleen dalga dheerattiii jechuudha. Tan
lammaffaa wullee minaaminoo ddaakuuf tajaajiltu yemmuu ta’u, bal’inni isii taakkuu tokko,
dheerinni isii immoo walakkaa taakkuuti. Wulleen dhagaa gosti sadaffaa immoo tan qooshaa
daakuuf ooltu yemmuu taatu bal’inaafi dheerinni isiis walakkaa taakkuurra xiqqo jira
(Odeefkennaa 07: Afgaafii).

32
Fakkii 5: Wullee (Majii) (Adooleessa 2015, Qoratichaan kan Kaafame)

C. Waqartii

Waqartiin meeshaalee yeroo midhaan daakan itti gargaaraman keessaa tokko. Waqartiin kan
qophooftu dhagaa cimaa ta’erraayi. Bocni isii kurfaa kubbaa fakkaatu yeroo ta’u hammaan
immoo qabina harkaa yookaan shanacha namaarra hincaaltu. Kana jechuun tan qabina harka
nama ga’eessaa keessatti dhunfatamtu ta’uu qabaatti jechuudha.

Waqartiin kan tajaajiltuuf dhagaa daakuu yeroo doome ittiin waaqaruuf yookaan qaruufiidha.
Waqartiin jibina dhagaa daakuu caalu waan qabduuf yeroo ittiin waqaran dhagaa daakuu
diddiruudhaan affaffaa itti baafti. Kuniis akka midhaan dhagaafi wullee gidduutti caccabee
hurraa’uuf gargaara. Waqartiin dhagaa qofa osoo hintaane wullees waqaruuf ni tajaajilti
Odeefkennaa 16: Marii Garee).

33
Fakkii 6: Waqartii (Adooleessa 2015, Qoratichaan kan Kaafame)

D. Marmaaja

Marmaajni iddoo tokko tokkotti qota jedhamuuniis ni waamama. Meeshaan yeroo midhaan
daakan itti gargaaraman kun kan hojjetamu gogaa re’eefi loonii irraayi. Inniis kan tajaajiluuf
midhaan daakamuun dhagaa daakuurraa gadi bu’u akka irratti walitti qabamuufi. Marmaajni
bal’inaafi dheerina dhuundhuma tokko ta’e qaba. Haalli itti qophaa’u immoo gogaan re’ee
yookaan loonii hamma barbaadamutti ni murama. Itti aansee, bishaanitti jiisuufi sooftuu
qaraatiin duuguun rifeensi isaa irraa qulqulleeffama. Achi booda wantoonni akka qobboofi
mooraa itti dibamuudhaan ajjalamee torbaan tokkoof kaa’ama. San booda, baafamee bishaaniin
sirritti dhiqamuudhaan qulqulleeffama. Kun kan godhamuuf akka fooliin qobboo yookaan
mooraa midhaanittti hindabarreefi. Dhumarratti, gogichi dhiqamuudhaan qulqulleeffamee
tajaajilaaf qophii ta’a (Odeefkennaa 5: Afgaafii).

34
Fakkii 7: Marmaaja (Adooleessa 2015, Qoratichaan kan Kaafame)
E. Fooysoo

Meeshaan daakkii wajjiin walqabatee hojiirra oolfamu kan biraa fooysoodha. Fooysoon mi’a
eegee looniifi farkaarraa qophaa’uudha. Kan tajaajiluuf immoo dhagaafi wulleen erga
waqaraman booda akka cirrachi irratti hinhafneef ittiin qulqulleessuufi yeroo midhaan daakanii
xumuran booda ficaa yookaan harcee sirritti qulqulleessanii dhagicharraa ittiin haxaawuufi
(Odeefkennaa 11: Afgaafii).

Fakkii 8: Fooysoo (Adooleessa 2015, Qoratichaan kan Kaafame)

35
F. Ramadaa (Dhandhaarraa)

Dhandhaarraan yookaan ramadaan meeshaalee dhagaa daakuu wajjiin tajaajilarra oolan keessaa
isa tokko. Inniis akkuma dhagaa daakuutti mi’a yeroo midhaan daakan itti gargaaramaniidha.
Ramadaan akkuma waqartiifi dhagaa daakuutti kan hojjetamu dhagaarraa yemmuu ta’u bocni
isaa kurfaa akka kubbaati. Baay’inni ramadaa lama yemmuu ta’u kan tajaajiluufiis dhagaan
daakuu gara boodaatiin ol ka’ee akka dhuundhula qabaatu goochuuf gara duubaatiin jala
kaa’ama. Dhuundhula qabaachuun kun immoo akka midhaan yeroo daakame sololi’ee
marmaajarratti gad bu’uuf gargaara (Odeefkennaa 24: Marii Garee).

Fakkii 9: Yeroo Dhakaa Ramadattu (Adooleessa 2015, Qoratichaan kan Kaafame)

G. Raroo (Jilbee)

Raroon meeshaalee yeroo midhaan daakan itti gargaaraman keessaa isa birooti. Meeshaan kun
yeroo tokko tokko jilbee jedhamuuniis ni waamama. Meeshaan kun kan hojjetamu wantoota
akka qashaa garbuufi qamadii, jirbii, yookaan huccuu ciccittuu dolloomte waan akka qanqalloo
yookaan kiisha keessatti guutuudhaaan akka boraatiitti hodhuudhaani. Faayidaan meeshaa kanaa
yeroo midhaan daakan irratti jilbiibbachuudhaaf yeroo ta’u kuniis akka qaaccaan lafaa nama hin
quuqneef gargaara (Odeefkennaa 09: afgaarii; Odeefkennaa 20: Marii Garee).

H. Qunnaa

Qunnaan akaakuu gundoo keessaa tokko yemmuu taatu tan hodhamtuus migirarraayi. Qunnaan
uuda baxxeefi dhaaba boolloo qabdi. Qunnaan kan tajaajiltuuf midhaan daakuudhaaf
barbaadame taguuga, qanqalloo yookaan riiqa keessaa ittiin qicatanii iddoo midhaan itti

36
daakanitti dhiheeffadhuudhaafi. Kana malees, qunnaan midhaan ittiin saffaruufiis ni gargaara
(Odeefkennaa 15: Afgaafii).

I. Qorii

Qoriin meeshaa manaa kan nyaata itti nyaachuuf tajaajilu ta’ullee meeshaalee yeroo midhaan
daakan itti gargaaraman keessaa tokko. Qoriin yeroo midhaan daakan kan tajaajiluuf qooshaa
daakamuuf jedhu itti qabachuufi (Odeefkennaa 03: Afgaafii).

J. Killoo (Killa)

Akkuma qoriitti killoon meeshaa manaa mukarraa dalagamuudha. Killoon bocaan qoriidhaan
kan walfakkaatu yemmuu ta’u kan tajaajiluufiis bishaan yeroo qooshaa daakan harkaafi
qooshaan jiifatan isa xuuxuu jedhamu itti qabachuudhaafi (Odeefkennaa 08: Afgaafii;
Odeefkennaa 22: Marii Garee).

Fakkii 10: Killa (Adooleessa 2015, Qoratichaan kan Kaafame)

K. Midhaan Daakamu

Midhaan daakamu gosa midhaanii kamiyyuu ta’uu danda’a. haa ta’uu malee akaakuun
midhaanii rratti hundaa’uudhaan tokkoon tokkoon isaa daakkiin dura adeemsa keessa darbu
qaban. Midhaan ijji isaanii xixiqqaa ta’e kan akka xaafii, qamadii, fi kan kana fakkaatan daakkiin
duratti gingilchuu, soruufi afuufuudhaan qulqulleeffamuu qabaatan. Kanneen buusaaf (ittoof)
oolan warreen akka baaqeelaa, atara, gaayyoo, huulbataafi missiraa daakuun duratti

37
afuufamuudhaan huubni wantoota akka baaqa, ijeefi buquqaarraa qulqulleeffaman (Odeefkennaa
01: Afgaafii).

Itti aansuun, bishaaniin shukkuumuun dhiqaman. Kuniis yeroo midhaanichi dhahamu yookaan
tumamu kotteduudaafi horiin gaafaa waan irra oofamuuf irratti haguufi fincaanuu danda’an.
Kanaafuu, dhiquun xuraawaa sanirraa qulqulleessa. Erga midhaanichi dhiqameen booda
aduurratti baasuudhaan goggooyfaman. San booda ni akaawaman (Odeefkennaa 17: Marii
Garee).

L. Darbaa

Darbaan midhaan kanneen akka eesi, gaarbuufi qamadii kanneen midhaan nyaata kanneen akka
buddeenaafi daabboo buusuuf daakamutti dabalamuudha. Darbaan kan tajaajiluuf midhaan
daakamu sun akka dhandhama gaarii qabaatuufi lallaaffatu goochuudhaafi. Jecha biraatiin,
darbaan akka ‘beekiingi pawdariitti’ tajaajila jechuudha (Odeefkennaa 12: Afgaafii;
Odeefkennaa 21: Marii Garee).
M. Ganaana

Ganaanni qooshaa daakamuuf jiifamte keessaa tokko-saddeettaffaan muramee okkotetti


naqamuudhaan affeelamuudha (Odeefkennaa 08: Afgaafii).kuniis kan godhamuuf akka qooshaan
sun daftee baatu yookaan bukooytu godhuudhaafi (Odeefkennaa 23: Marii Garee). Kana jechun
ganaanni akka absiitiitti tajaajila jechuudha.

N. Xuuxuu

Xuuxuun wantoota yeroo qooshaa daakan itti fayyadaman keessaa isa birooti. Xuuxuun bishaan
killatti naquudhaan yeroo qooshaa daakan harkaan jiifataniifi akka qooshaan linxixxooytuuf itti
godhaniidha. Kana ilaalchisuudhaan odeefkennaan qorannichaa tokko akka itti aanu kana jedhe:

Xuuxuun bishaan akka qooshaan hin qulxooyneef hogguu qoodhaa daakan


jiifataniini. Bishaan kun waan harka qooshaan daakaniifi kutanii dhagaarra
kaa’ataniin tuttuqamuuf bifa adii akka aannanii qaba. Akkuma qooshaatti addaata
jechuudha. Qooshaan xuuxuun malee daakamte hin hurrooytu, hin linxixxooytuusi.
Kanaaf jechaa, xuuxuun qooshaa daakkiin addaan baafamee hin ilaalamu
(Odeefkennaa 19: Marii Garee)

38
Kanarraa akka hubannutti, xuuxuun akkuma darbaafi ganaanaatti wantoota midhaan
daakkiidhaan walqabataniifi barbaachisan ta’uu isaati.

4.1.2. Adeemsa Midhaan Daakuu

Adeemsa midhaan daakuu keessatti wantoota tartiibaan raawwatamantu jira. Isaaniis kanneen
akka dhagaafi wullee (Majii) waqaruu, dhagaafi wullee dhiquun qulqulleessuufi kan kana
fakkaatan of keessaa qaba. Gochoonni adeemsa midhaan daakuu keessatti hammataman akka itti
aanutti dhiyaataniiru.

A. Dhagaafi Wullee Waqaruu

Adeemsi midhaan daakuu dhagaa daakkiifi majii waqaruudhaan eegala. Waqaruu jechuu dhagaa
daakuufi wullee (majii) waqartiidhaan dhadhahuun ilkaan yookaan affaffaa itti baasuu
jechuudha. Waa’ee kanaa odeefkeennaan tokko ennaa gaafataman akkas jechuudhaan deebisan:

Dhagaan daakuu yeroo baay’ee yoo itti daakame ni dooma. San jechuun dirri isaa
walqixxaachuudhaan lassanama. Kanaaf jecha waqaruun akka affaffaan yookaan
qarri itti baafamu godha. Affaffaan kuniis kan gargaaruuf midhaan dhagaa
daakuufi wullee jiddutti akka qarqabamee caccabuun yookaan hurraa’uun
daakamuuf jecha (Odeefkennaa 11: Afgaafii)

Kanarraa akka hubannutti, adeemsi midhaan daakuu kan jalqabamu dhagaa daakuufi wullee
(majii) waqaruudhaani. Kana malees, waqaruun akka midhaan sirritti hurraa’ee daakamu
hubanna.

B. Dhagaa Daakuufi Wullee Dhiquudhaan Qulqulleessuu

Dhagaan daakuufi wulleen erga waqaraman booda kan itti aanu bishaaniifi fooysoodhaan sirritti
dhiquudhaan qulqulleessuudha. Kuniis kan gargaaruuf cirrachaafi awwaarri yeroo waqaramu san
itti ka’e akka gad dhiisee qulqulluu ta’uufi. Qulqullaa’uun isaa kun immoo yeroo midhaanichi
gara nyaataatti geeddarame akka cirrachi ilkaan nama hin dhoofneef gargaara (Odeefkennaa 07:
Afgaafii).

C. Dhagaa Daakuufi Wullee Qoorsuu

39
Dhagaan daakuufi wulleen erga dhiqamuudhaan qulqulleeffamaniin booda aduurra kaa’uudhaan
sirritti goggogfaman. Dhagaa daakuufi wullee goggogsuun maaliif barbaachise jechuun
odeefkennaan tokko yeroo gaafataman akka itti aanu kanatti deebii laatan:

Dhagaa daakuufi wullee goggoysuun kan barbaachiseef midhaan daakamu akka


reeqasa hin qabaanneef jecha. Kana jechuun, hoggaa dhagaan daakuufi willeen
jiidha qaban, midhaan daakamuus xiqqi xiqqo jiini san itti dabra. Kun immoo
ficaan sun kan yeroo dheeraaf kaa’amuuf karoorfame ta’e ukuudhaan bada. Garuu,
yeroo qooshaa daakan dhagaa daakuufi wullee isaa erga dhiqan booda
akkasumatti itti daakaniin malee goggooyssuun hin barbaachisu. Sababni isaatiis,
qooshaan ifiifuu waan jiituu taateef jiini isii hinballeessu (Odeefkennaa 19: Marii
Garee)

Kanarraa akka hubannutti, adeemsa midhaan daakuu keessatti dhagaa daakuufi wullee (majii)
goggogsuun kan barbaachisu yeroo midhaan daakamu malee yeroo qooshaan daakamuu miti.
Kana malees, dhagaa daakuufi wullee goggogsuun akka midhaan jiidha godhatee hin-shamne
yookaan hin aloobne taasisa.

D. Dhagaa Daakuu Ramadachuu

Dhagaa daakuu ramadachuu jechuun dhagaawwan ramadaa jedhaman lama dhagaa daakuu gara
duubaatiin qarqara lamaan jala kaa’uu jechuudha. Kuniis kan gargaaruuf akka dhagaan daakuu
olka’ee dhuundhula (slope) qabaatu taasisa. Kun immoo midhaan dhaakamu akka yeroo daakan
loohee yookaan sololi’ee marmaajarratti gad bu’u godha. (Odeefkennaa 25: Marii Garee)

E. Marmaajachuu (Marmaaja Kaa’achuu)

Marmaajachuu jechuun marmaaja yookaan meeshaa gogaarraa hojjetame kan midhaan irratti
daakamu dhagaa daakuu gara fiixaatiin kaa’achuu jechuudha. Akkaataan itti marmaajataniis
seera ofdanda’e qaba. Kuniis, marmaajni fiixa dhagaa daakuu gara lamaanii bira achi dabruu
qabaata. Kun kan barbaachiseef akka midhaan dhagaa daakuurraa yeroo gad bu’u moggaa
lamaaniin hindhangalaaneef yookaan hin facaaneef jecha. Kana malees, fiixni marmaajaa inni
gara dhagaa daakuutti aanu sirritti dhagaa daakuu jala ol seenuu qabaata. Kuniis sababuma sila
dubbatameef jecha barbaachise (Odeefkennaa 02: Afgaafii; Odeefkennaa 16fi 19: Marii Garee)

40
F. Midhaan Daakamu Gara Mirgaatiin Kaa’achuu

Erga marmaajataniin booda gochi itti aanu, midhaan daakamuuf jedhu gara mirgaatiin
kaa’achuudha. Maalummaafi barbaachisummaa gocha kanaa odeefkennitoonni qorannichaa akka
itti aanutti lafa kaa’an:

Aadaa Oromoo naannoo teenyaa keessatti mirgi bakka goddaa qaba.


Namni tokko nama hojiirra jiru tokko yoo gara mirgaatiin taa’e yookaan
dhaabbate, ‘Mirga kiyya na qabde,’ jechuun akka achii siqu godhan.
Kuniis namoonni baay’een kan hojjetaniin harka mirgaatiini. Yoo namni
tokko gara harka mirgaatiin si jiraate hojii kee san akka sirritti hin
hojjenne si godha. Midhaan daakamu gama mirgaatiin kaa’achuu
jechuun akka yeroo daakuu eegalan salphatti midhaanicha qicanii
yookaan hammaaranii dhagaa daakuurratti naqachuun daakuun waan
mijjaa’uuf jecha (Odeefkennaa 6: Afgaafii).

Midhaan daakan gara bitaatiin kaa’achuun akka hoodaatti ilaalama.


Wanti bitaan godhame tokko hinjaalatamu. Kana malees, wanti bitaan
hojjetan hinbarakatu. Dabalataan wanti bitaan kaa’ame tokko dafee
hinmul’atu jedhamee amanama. Kanaaf jecha, midhaan daakamu gara
mirgaatiin kaa’achuun akka midhaanichi barakaa qabaatuuf
barbaadameeti (Odeefkennaa 19: Marii Garee)

Gabaabaadhumatti, midhaan daakamu gara mirgaatiin kaa’achuun yeroo midhaanicha daakan


akka salphatti qicanii daakaniif mijjaa’a. Kana malees, akka aadaa naannawichaatti midhaan gara
mirgaatiin kaa’uun hoodaaf barbaadameeti.

G. Dikkoo Weeddisaa Midhaanicha Daakuu

Erga midhaanichi gara mirgaatiin kaa’ame booda adeemsi itti aanu midhaanicha daakaa dikkoo
weeddisuudha. Midhaan yeroo daakamu wullee (majii) dhagaarra kaa’uudhaan midhaan
shanachaan hammaaranii dhagaa daakuurratti wullee (majii) boodaan naqan. Midhaan hammi
harkaan hammaaranii dhagaa daakuurratti naqan san ‘naqaa’ jechuudhaan beekkama. Achi
booda majicha oliifi gadi oofuudhaan yookaan deddeebisuudhaan erga daakan booda naqaa

41
tokko yeroo xumuran kan lammaffaa qicatanii dhagaa daakuurratti naqatan. Haala kanaan dikkoo
weeddisaa midhaanicha daakuun xumuran (Odeefkennaa 10: Afgaafii; Odeefkennaa 17: Marii
Garee).

H. Dhagaa Daakuufi Wullee Haxaawanii Irkisuu

Dhagaan daakuufi wulleen (majiin) erga ittiin daakamanii xumuran booda dhagichaafi wulleen
isaa fooysoodhaan sirritti haxaawaman. Kuniis akka ficaan yookaan daakuun midhaanii dhagaafi
wulleerratti hin hafneef gargaara (Odeefkennaa 19: Marii Garee).

Dhagaan daakuufi wulleen erga tajaajila midhaan daakuu kennan booda fooysoodhaan
haxaawamuun qulqulleeffaman. Achi booda, iddoo midhaan itti daakame sanaa fuudhanii dhaba
manaatti irkisan. Yeroo irkisan kana dirri dhagichaa yookaan majichaa inni midhaan itti
daakamu gara dhaaba manaatti achi aana. Kuniis kan barbaachiseef xuraawaan tokko tokkoofi
beeyladootaafi lukkuun akka irratti hin hagne yookaan miilaan irratti hin baaneef gargaara
(Odeefkennaa 12: Afgaafii)

Walumaagalatti adeemsi midhaan daakuu dhagaa daakuu waqarachuun eegalee dhagaa daakuufi
wullee irkisuudhaan xumurama.

4.2.Malleen Dubbii Walaloowwan Dikkoo Keessatti Argaman


Malleen dubbii jechuun dubbiiwwan qolaa afoolli yookaan ogbarruun tokko akka dhandhama
ogummaa qabaatuufi akka hiika gadifagoo horatu taasisaniidha. Abrams (2009) malleen dubbii
akka itti aanutti hike: “Figurative language, in other terms, rhetotical device, is a conspicuous
departure from what competent users of a language apprehend as the standard meaning of
words, or else the standard order of words, in order to achieve some special meaning or effect.”
Akka hiika hayyuu kanaan kennamerraa hubannutti, malleen dubbii itti fayyadama afaanii isa
afaan namani ga’uumsa qabu tokko beekurraa shafaafe jechuudha. Shafaafiinsi kuniis tartiiba
idilee jechootaafi hiika idilee jechootaa kan hinbu’ureeffanneedha.

Mahaammad Abdoo (2013:55) gama isaatiin malleen dubbii yookaan dubbii qolaa yeroo ibsu
akkas jedhe: “Dubbiin qolaa maloota yookiin miseensoota walaloon ittiin barreessan keessaa
tokko ta’ee ibsa yookaan jecha hiika kallattii osoo hintaane yaada wahii uumuuf nu

42
gargaaruudha. Kana jechuuniis, yeroo jechi hiika ‘gadi fagoo’ kan hiika kallattii irraa adda ta’e
qabaata jechoodha”.

Malleen dubbii haasawaafi barreeffama keessatti akka itti fayyadamnu kan ibsuudha. Kana
jechuun, maanguddoonni haasawa taasisan keessatti malleen dubbiitti akka gargaaramaniifi
wanti dubbatan sun sammuu namaa keessatti osoo hindagatamin akka turuuf akka tajaajilu
hubachuun nidanda’ama.

Akkuma afwalaloowwaniifi ogafaan birootti, walaloowwan dikkootiis dubbiiwwan qolaatiin kan


badhaadhaniidha. Haa ta’uu malee malleen dubbii afwalaloo dikkoo keessatti argaman kunneen
kanneen dubbii qolaa jedhamuun waamamaniin adda addummaa qaban. Malleen dubbii
(rhetorical devices) kanneen jedhamuun beekkaman keessaa gosa dubbii qolaa akkasaa (simile)
qofaatu keessatti argama. Malleen dubbii biro kanneen akka seenimiinsa (allusion),
sagaleebi’iinsa (alletration), qardoomaa (oxymoron), haguugiinsa yookaan jeedhoksaa
(euphemism), gaafii qolaa (rhetorical question), fakkoomiinsa (symbolism)fi kan kana
fakkaataniidha. Matadure kana jalatti matadureeleen xixiqqaan itti aanan gosoota malleen dubbii
walaloowwan dikkoo keessatti hojiirra oolaniifi tajaajila isaan kennan ragaalee qindeeffaman wajjiin
tokko tokkoon akka itti aanutti dhiyaatan.

4.2.1. Itti Fayyadama Akkasaa (Simile)

Akkasaa jechuun gosa malleen dubbii yookaan dubbii qolaa wantoota adda addaa lama amala
walisaan fakkeessu walbira qabuudhaan wal madaalchisiisuudha. Yaada kana Abrahams (2009)
akkas jedhuudhaan addeesse: “Simile is a figure of speech involving the comparison of one thing
with another thing of a different kind, used to make a description more emphatic or vivid (e.g. as
brave as a lion.” Kanarraa kan hubannu, akkasaan mala dubbii waan lama kanneen garaagaraa
waldorgomsiisu akka ta’eedha.

Walaloowwan dikkoo mala dubbii akkasaa jedhamu kana baay’inaan itti gargarama. Fakkeenya
itti aanu (Fakkeenya—1) keessatti dubbii qolaa akkasaan akka walaloo dikkoo keessatti argamu
argisiisuuf kenname. Haala itti aanu kanatti haa ilaalluu:

Fakkeenya—1
a. Baddeessaa lagarraa qallaa laga gamaa
Qalloo akka qalamaa mormi taakkuu lama (Walaloo Lak.149)
43
b. Barbareen Amaaraa diimatte akka foonii
Gadheen wallee’n beeyne gadoodde akka loonii (Walaloo Lak. 147)

Walaloo fakkeenya—1a keessatti bo’oo isa ‘Qalloo akka qalamaa…’ jedhuutu akkasaatti
gargaarame. Mala dubbii kana keessatti, qallina intalaa qalamaan wal fakkeessuudhaan
dhiheeffame. Fakkeenya—1b keessatti immoo bo’oolee lamaanuu keessatti akkasaan kan
dhimma itti bahame yennaa ta’u, kuniis bo’oo jalqabaa keessatti, diimachuu barbaree Amaaraatu
fooniin walfakkeeffame. Bo’oo lammaffaa keessatti immoo gadhee wallee hinbeekneetu
gadooduu looniitiin walfakkeeffame.

Walumaagalatti, kanarraa kan hubannu malleen dubbii keessaa akkasaan akka walaloowwan
dikkoo keessatti argamuufi qabiyyee isaa xiinxaluuf itti fayyadama akkasaa kana ilaalcha keessa
galchuun akka barbaachisuudha.

4.2.2. Itti Fayyadama Qardoomaafi Miti’ee (Oxymoron & Paradox)

Walaloowwan dikkoo, akka qorannoo kanaan mirkanaa’etti malleen dubbii keessa isa
qardoomaa jedhamuufi kan miti’ee jedhamu of keessaa qaban. Mee yaada kana walaloowwan
fakkeenya itti aanan jalatti argamanirraa haa ilaalluu:

Fakkeenya—2

a. Anniyyatti dhaladhee Mayyutti gudadhee


Jaalala jibbansaa eenyuttiin dubbadhe (Walaloo Lak. 145)
b. Ani abbaan hinqabu numaan hiyyeettiidha,
Kaniin aaddee qabu numaan dureettiidha (Walaloo Lak. 98)
c.Ani fayyaa’n qabuu dhukkubaas hin qabuu
Dhukkuba jaalalaa, yaada wayyaa hin qabu (Walaloo Lak. 164)

Walaloowwan fakkeenya—2a-c kennaman keessatti malleen dubbii qardoomaa fi miti’ee


jedhamantu hojiirra oolfame. Fakkeenya—12a keessatti gaaleen jala sararame, jechuuniis, inni
‘jaalala jibbansaa’ jedhu, mala dubbii qardoomaa jedhamuudha. Sababiin isaas jechoonni lamaan
gaalicha keessatti argaman waan waliif faallaa ta’aniif jecha. Fakkeenya—2b keessatti immoo
yaanni bo’oowwan walalichaa keessatti argamu walfaalisa. Kana jechuun, yaanni inni ‘…
numaan hiyyeettiidha’ jedhu isa ‘… numaan dureettiidha’ jedhuun waldhaba. Kanaafuu itti
fayyadama mala dubbii akkanaa ‘miti’ee’ jennee waamna. Walaloo fakkeenya—2c keessattiis
itti fayyadama miti’ee argina. Itti fayyadamni mala dubbii miti’ee kun walalicha boo’oo jalqabaa

44
keessatti hojiirra oole. Inniis isa ‘… fayyaa hinqabu dhukkubaas hinqabu’ jedhuudha.
Walumaagalatti, walaloowwan dikkoo itti fayyadama qqardoomaafi miti’ee akka ofkeessaa
qabaniifi yeroo xiinxala qabiyyee godhan kana ilaalcha keessa galchuun akka barbaachisu
hubanna.

4.2.3. Itti Fayyadama Haguugiinsa Yookaan Jedhoksaa (Euphemism)

Malli dubbii inni biraa biraa haguugiinsa yookaan jedhoksaa (euphemism) yemmuu ta‘u, meeshaan
kun yaadootaafi wantoota ummata keessatti akka qaaniifi safuutti ilaalaman karaa idilee (formal)
ta‘een ibsuuf gargaara. Walaloowwan dikkoo mala dubbii haguugiinsa yookaan jedhoksaa jedhamu
qabaachuu isaa kan mirkaneessu walaloon fakkeenya—3 jalatti kenname haa ilaalluu:

Fakkeenya—3
Silaa lagan dhaqa laga karaa hinbeekuu
Silaa dubreen faarsaa dubree maqaa hin beekuu
Taniin maqaa beekuus obboleeysa hin beeku (Walaloo Lak. 134)
Walaloo fakkeenya kana (fakkeenya—3) keessatti kenname kun itti fayyadama mala dubbii
haguugiinsaa of keessaa qaba. Kuniis isa ‘Silaa dubraan faarsaa dubra maqaa hinbeeku, taniin
maqaa beekuus obboleessa hinbeeku’ jedhu keessatti kan faarsuu barbaadde durba osoo hintaane
obboleessa durbaati. Kallattiidhaan obboleessa durbaatiin faarsa jechuurra kana filatte
jechuudha. Itti fayyadamni mala dubbii akkanaa kun haguugiinsa yookaan jedhoksaa jedhama.
Akka walaloo tanarraa hubatamutti, malli dubbii haguugiinsa jedhamu walaloowwan dikkoo
keessatti akka argamuufi yeroo xiinxalamu kana ilaalcha keessa galchuun akka barbaachisuudha.

4.2.4. Itti Fayyadama Fakkoommii (Symbolism)

Fakkoommii jechuun wanta tokko kan yaada biraa bakka bu’uun tajaajile jedhuudha.
Walaloowwan dikkoo, akkuma afwalaloo birootti itti fayyadama fakkoommii of keessaa qaban.
Yaada kana deeggaruun walaloon dikkoo tokko fakkeenya—4 jalatti kennameera. Akka itti
aanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—4

a. Wayyaaleen nu nyaattee teeyfiin nu dararte


Akka garaa kiyyaa eenyutt’ na obsite (Walaloo Lak. 16)
b. Ani looniin tiiysaa loon loonirraa meeysi

45
Kee gororri dammaa harkarratti naaf beeysi (Walaloo Lak. 152)
Akka ibsa walaloo fakkeenya—4a irratti odeefkennaa qoranichaa tokkoon kennameetti,
‘wayyaalee’ fi ‘tayfii’ jechoonni jedha kan akeeku ilbiisoota qaama namaarratti miidhaa fidan
osoo hintaane diinoota ummaticha yeroo walaloon dikkoo inni kun yeroo jalqabaatiif baafamu
miidhaa qaqqabsiisaa turaniidha (Odeefkennaa 9: Afgaafii). Haaluma walfakkaatuun, walaloo
fakkeenya—4b keessattiis jechi loon jedhu kan beeyladaaf dhaabbatee miti. Akka hasaawa
naannawichaatti jechi ‘loon’ jedhu beeylada manaa kan gaanfa qabu isa miila afurii jechuu qofaa
miti. ‘ Loon’ jechuun gowwaa, harsama, kan abshaala hinta’in… jechuullee ni dabalata. Bo’oo
jalqabaa keessatti gaaleen ‘Ani looniin tiiysa…’ jedhu ani nama gowwaan ofiirraa eega
jechuudha. ‘Loon loonirraa meeysi’ jechuun immoo gowwaawwan si jaalatan yoo jiraatan
kanneen na jaalataniin akka wal hinqunnamne godhi jechuudha.

Walumaagalatti, walaloowwan dikkoo mala dubbii fakkoommii jedhamu akka itti gargaaramu
fakkeenya kana (fakkeenya—4) irra hubanna. Kana malees, beekkoomsi itti fayyadama dubbii
qolaa kanaa qabiyyee walaloo dikkoo xiinxaluuf akka barbaachisu nu hubachiisa.

4.2.5. Itti Fayyadama Ciigoo (Jecha Dachaa)

Walaloowwan dikkoo tokko tokko cigoo yookaan dubbii dacha of keessaa qaban. Walaloowwan
akkasii fakkeenya—5 jalatti kennamaniiru. Akka itti aanu kanatti haa ilaalluu:

Fakkeenya—5

a. Keenyatti gufadheetiin keessan geenyaan kufe


Duriin dhufaa mitii si dhageenyaan dhufe (Walaloo Lak. 154)
b. Afaan numa afaadha afaan warra Saphaallee
Afaan gaariin afaani afaan afaan hin caallee
Afaan keessa wal eeyna afaan walii wallaallee (Walaloo Lak. 167)
c. Eeysuma koo Raamaa eenyumaa naaf yaama?
Eeysuma yoon ja’u oowwi narraa dhaama! (Walaloo Lak. 142)

Walaloo fakkeenya—5a keessatti, jechi ‘ keenyatti’ jedhu hiikaa of danda’e lama qaba. Isaaniis,
‘keenya’ kan jedhu yemmuu ta’u hiikkaan isaas, kan keenya ta’e, isa abbummaa itti qabnu
jechuudha. Hiikaan lammaffaa immoo ‘keenyaa’, jechuuniis, balbala gama jalaa isa hulaan yeroo
cufamtu itti qadaadamtu jechuudha. Kanaafuu, walaloo kana keessatti, ‘keenyatti’ inni jechu kun
ciigoo yookaan dubbii dachaati. Walaloo kana keessatti hiikaan ifa ta’e yookaan sorgoon isaa

46
balbala yemmuu ta’u hiikaan dhokotaan yookaan sookkoon isaa isa abbummaa itti qabnu
jechuudha. Kana malees, walaloo fakkeenya—5b jalatti argamtu jechoonni bo’oowwan
jalaqabaafi isa lammaffaa keessatti ‘afaan’ jedhan cigoodha. Inni tokko ‘afaan’ isa
walqunnamtiif nama gargaaru yemmuu ta’u hiikkaa biroo immoo ‘afaa’ isa dhamjecha matima
mul’istuu maxxanfatee ‘afaan’ ta’eedha.

Haaluma walfakkaatuun, walaloon fakkeenya –5c jalatti argamtu keessattillee cigootu argama.
Walaloo kana keessatti, jechi ‘eeysuma’ jedhu haala qeensuu (intonation pattern) isaarratti
hundaa’uudhaan hiika of danda’e lama qaba. Kan jalqabaa, jechi ‘eeysuma’ jedhu yeroo birsagni
isaa kan jalqabaa qeensamu (when stressed), yookaan ‘eeysuma’ hiikaa ‘iddoodhuma kami’
yokkaan ‘bakkuma kam’ isa jedhu qabaata. Yeroo birsagni boodaa qeensamu yookaan
‘eeysuma’ ta’u immoo hiika obboleessa haadhaa isa jedhu qabaata. Kanaafuu, walaloo dikkoo
kana keessatti jechi kun akka cigoo yookaan dubbii dachaatti tajaajila. Hiikaan ifaa yookaan
sorgoon cigoo kanaa is obbeleessa haadhaa jedhu yemmuu ta’u sorgoon immoo iddoodhuma
kam kan jedhu ta’a.

4.2.6. Itti Fayyadama Sagaleebi’iinsa (Alliteration)

Sagalebi’iinsa jechi jedhu jechoota Afaan Oromoo lama—jechuuniis, sagaleefi deddeebi’iinsa


kanneen jedhan irraa kana mala suphuutiin uumame. Akka Robert & Sharma (2013) jedhutti
sagaleebi’iinsa jechuun mifa ogummaa kan daddeebi’iinsa sagaleewwan dubbifamaa jechoota
hima tokko keessatti argamaniiti. Walaloowwan dikkoo keessatti malli dubbii sagaleebi’iinsa
jedhamu hojiirra ooluu isaa kan argisiisu fakkeenyi—6 akka itti aanutti kennameera.

Fakkeenya—6

Hiddiin hidda hin qabdu mee buqqisii laali,


Keenya hir’uu hin qabuu tarree galchii laali (Walaloo Lak. 52)
Walaloo dokkoo fakkeenya—6 jalatti kennamte keessatti sagaleewwan dubbifamaa /h/n si’a
sadii, akkasumaas sagaleen dubbifamaa /d/n si’a sadii bo’oo jalqabaa keessatti deddeebi’aniiru.
Sagaleebi’iinsi kan gargaaruuf dhamdhama oggummaa walalichaaf laachuufi. Walumaagalatti,
fakkeenya—6 irraa kan hubannu malli buddii yookaan mifni ogummaa sagaleebi’iinsa jedhamu
akka walaloowwan dikkoo keessatti argamuudha.

47
4.2.7. Itti Fayyadama Daddeebichoota (Word Repetition)

Deddeebochoonni malli dubbii deddeebi’iinsa jechootaa hima tokko keessatti dhufuutiin


uumamuudha. Kana kan adda taasisu, kan daddeebi’u jechoota sagaloomsaan (pronounciation)
walfakkaatan yookaan kanneen haala tokkoon barreeffamanii hiika adda addaa tokkoo ol
qabanii miti. Deddeebichoota keessatti jechoota jechi tokko muraa isa kaanii ta’e yookaan
jechoota birsagni isaanii hammi tokko walfakaatuutu argama. Mee fakkeenya itti aanu
(fakkeenya—7) akka itti aanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—7

a. Re’een teenya bade qaxammee jalattii


Qarxam na haa godhu morma kee jalatti (Walaloo Lak. 153)
b. Ayyaan dhablee mukaa doobbiin jalaan baatee
Tan ayyaana’n qabne deega sitti baate (Walaloo Lak.
c. Garana gaar sadii gaalleen kudha sadii
Siif na dhaananii arrattii gaaf sadii (Walaloo Lak. 26

Walaloo fakkeenya—7a keessatti jechi ‘qarxam’ jedhuufi inni ‘qaxammee’ jedhu bo’oo
walalichaa kan jalqabaafi isa lammaffaa keessatti deddeebi’ee dhufe. Fakkeenya—7b
keessattillee jechoonni ‘ayyaan’ jedhuufi inni ‘ayyaana’ jedhu jecha sagaloomsa
(pronounciation) walfakkaatu qabantu deddeebi’ee dhufe. Haaluma walfakkaatuun fakkeenya—
7c keessatti immoo jecha ‘sadii’ jedhuutu si’a sadii bo’oowwan walalichaa kan jalqabaafi isa
lammaffaa keessatti deddeebi’ee dhufe. Itti fayyadama mala dubbii akkanaatiin deddeebichoota
yookaan deddeebi’iinsa jechootaa jechuun waamna. Malli kun kan gargaaruuf dhandhama
ogummaa (eathetic beauty) walalichaaf laachuudhaafi. Walumaagalatti, walaloon dikkoo mala
dubbii deddeebichoota jedhamu akka of keessaa qabdu fakkeenya—7 irraa hubanna.

4.2.8. Itti Fayyadama Gaafii Qolaa (Using Rhetorical Question)

Gaafii qolaa (rhetorical question) jechuun deebii hinqabne tan dhaga’aan galuumsarraa
hubatuudha. Gaafiin qolaa deebii argachuuf caalaa miira dhaga’aa olkakaasuuf tajaajilti.
Walaloowwan dikkoo keessatti gaafiin qolaa yeroo hojiirra ooltu kan argisiisu fakkeenyi itti aanu
(fakkeenya—8) haa ilaalluu:

Fakkeenya—8

48
a. Haraashiin haa qottuu koottu abbaa dibootaa
Naa si malee ja’e diddee akkam goota? (Walaloo Lak. 31)
b. Ani boruun du’aa maal jettee naaf boocha?
Waldhabaatu jiraa maal jettee naan oodda? (Walaloo Lak. 18)

Akkuma walaloowwan fakkeenya—8a irraa hubachuun danda’amutti, bo’oon lammaffaa inni


‘Naa si malee ja’e diddee akkam goota?’ jedhu gaafii qolaa of keessaa qaba. Dabalataan
fakkeenya—8b bo’oowwan walalichaa lamaanuu keessatti gaafii qolaatu argama. Kuniis, isa
‘Ani boruun du’aa maal jettee naaf boocha?’ jedhuufi kan ‘Waldhabaatu jiraa maal jettee naan
oodda?’ jedhuudha. Walumaagalatti, walaloowwan dikkoo mala dubbii gaafii qolaa jedhamutti
akka gargaaramuu danda’u fakkeenya—8 irraa hubanna.

4.2.9. Itti Fayyadama Seenimiinsa (Allusion)

Seenimiinsa jechuun dubbii qolaa wantoota, namoota, bakkootaafi ta’iinsoota kanaan dura
raawwataman, raawwachaa turan yookaan jiraatan yaada haaraan walqabsiisuudha. Malli dubbii
kun akka dubbii qolaa tokkottillee ni fudhatama (Irwin, W.T., 2002). Malli dubbii kun
walaloowwan weedduu dikkoo keessatti baay’inaan argama. Mee walaloowwan dikkoo
fakkeenya—9 jalatti kennaman keessatti dubbii qolaa kana haa ilaalluu:

Fakkeenya—9

a.Fitawraariin aaree qallaa gamatti jaaree


Suufa nama kaaye kan hiyyeessi daare (Walaloo Lak. 25)
b. Gaangeen Hassan Muussaa Saamunii Saamunii
Rakkoo too sii beekaa, aayyoo too, naa buli naa buli (Walaloo Lak. 15)
Walaloon fakkeenya—9a jalatti argamtu seenimiinsa namicha Fitawraarii Irgaxee jedhamu kan
hiyyeessa rakkisuudhaan beekkame tokko seeneessiti. Fakkeenya—9b keessatti immoo nama
damiina gosaa ture kan Hassan Muussaa jedhamuufi gaangee isaa tan Saamunii jedhamtu
seeneeffame. Walumaagalatti, fakkeenyi—9 walaloowwan dikkoo akka mala dubbii
seenimiinsatti gargaaramuu danda’u nu hubachiisa.

49
4.2.10. Arbeessa (Hyperbole)

Akka qaacceessa walaloowwan ragalee qorannoo kanaatiin bira gahametti, itti fayyadamni
dubbii qolaa yookaan mala dubbii arbeessa jedhamuu dikkoo keessatti ni mul’ata. Walaloon
fakkeenya—10 jalatti argamu yaada kana mirkaneessa.

Fakkeenya—10

Jiini’n bane jettaa kan na gubu gahe


Na’n jaalattu jettaa kaniin du’u gahe (Walaloo Lak. 81)

Walaloo fakkeenya—10 jalatti kenname keessatti mala dubbii arbeessa jedhamu kun si’a lama
hojiiraa oole. Kan jalqabaa bo’oo tokkoffaa keessatti isa ‘Jiini’n bane jettaa kan na gubuu gahe,’
isa jedhu yemmuu ta’u yaanni arbeeffame immoo isa ‘kan na gubuu gahe’ kan jedhuudha. Jiini
hangamuu yoo ifellee hoo’a hin qabu. Arbeeffamuudhaan kan na gubuu gahe jedhame. Inni
lammaffaa immoo bo’oo itti aanu keessatti hojiirra oole. Kuniis, isa ‘ Na’n jaalattu jettaa kaniin
du’uu gahe’ jedhu yemmuu ta’u yaada ‘kaniin du’uu gahe’ jedhuutu arbeeffame. Jaalalti
hangamuu hammaattu nama hin ajjeeftu. Kanaafuu arbeesuudhaaf kana jedhame.

Walumaagalatti, walaloowwan dikkoo keessatti malleen dubbii kanneen akka akkasaa (simile),
qardoomaafi miti’ee (oxymoron & paradox), haguugiinsa yookiin jedhoksaa (euphemism),
fakkoommii (symbolism), cigoo yookiin jecha dacha, sagaleebi’iinsa (alliteration),
deddeebichoota yookiin deddeebi’iinsa jechootaa, gaafii qolaa (rhetorical question), seenimiinsa
(allusion) fi arbeessa (hyperbole) akka hojiirra oolan qorannoo kanaan bira gahameera.

4.3.Ergaawwan Walaloo Dikkoo

Sensa Qaacceessa Walaloo Dikkoo

Walaloowwan weedduu dikkoo irra caalaan isaanii bo’oo lama qaban. Akka xiinxala
qornnichaan walaloowwan dikkoorratti godhamuun irra gahametti, irra caalaan bo’oowwan
jalqabaa walaloowwan dikkoo yaada ifaan ifatti isa bo’oowwan lammaffaatiin walqabatu
hinqaban. Fakkeenya—9 jalatti walaloowwan kennaman yaada kana mirkaneessan.

Fakkeenya—11

a.Aabboon na kabalee karra na ceesisee

50
Quduraa jaalalaa suma na feesise. [Walaloo Lak. 137]
b. Baddeessaa lagarraa qallaa laga gamaa
Qalloo akka qalamaa mormi taakkuu lama. [Walaloo Lak. 149]

Akkuma walaloowwan lamaan fakkeenya—11 jalatti kennaman irraa hubachuun danda’amutti,


walaloowwan dikkoo tokko tokko yaada ifaan ifatti mul’atu ibsan. Haa ta’uu malee,
walaloowwan dikkoo kanneen bo’oowwan jalqabaa yaada ifaan ifatti isa bo’oowwan
lammaffaatiin walaqabatu qaban ni jiran. Walaloowwan kanneen akkasii fakkeenya—12 jalatti
kennaman akka itti aanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—12

a. Obboleessi kan kee kan duutu si dhaalu


Biyyee sitti deebisee deebi’ee si laalu. [Walaloo Lak. 114]
b. Anniyya torbumaa Meettaan saddeetumaa
Kudha lamaan Alaa jiraan abbeetuma. [Walaloo Lak. 112]

Walaloowwan dikkoo tokko tokko keessatti, yaanni bo’oo jalqabaa isa bo’oo lammaffaatiin
gubbaarra waan wal hinfakkaanne fakkaatullee yeroo gad qabanii ilaalan yaada ergaa yaada
bo’oo lammaffaa cimsu qaba. Walumaagalatti, walaloowwan dikkoo tokko tokko yaada ifaa kan
qaban yemmuu ta’u kanneen biroo immoo yaanni isaanii kanneen beekkoomsa aadaa
ummatichaa, xiinxala galuumsaafi malleen dubbii garagaraarratti hundaa’eedha.

4.3.1. Jaalalaa Ibsuu

Jireenya nama tokkoo keessatti jaalalti iddoo guddaa qabdi. Miira jaalalaa kana namoonni adda
addaa karaa adda addaatiin ibsatan. Karaa jaalalti ittiin ibsatamtu keessaa tokko weedduu
afwalaloo fayyadamuudhaani. Akka duudhaa hawaasa hedduutti, dubartoonni dhiiroota caalaa
mira jaalalaa qaban kallattiin ol baasanii ibsachuuf rakkatu. Kanaafuu, walaloowwan weedduu
hedduun qabiyyee jaalala ibsuu akka qaban qorannoon kun bira gaheera. Walaloowwan weedduu
dikkoo miira jaalalaa ibsuuf oolan akka itti aanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—13
a. Are Assebe Ciroo mana gimjaa beetii
Warra dachii qotu mangistiin ni feetii
Mangistii akka keetii way yaa qeeyroo tiyya too lubbuun ni feeti. (Walaloo Lak. 33)
b. Alagaa kabalee harki na’n laalannee
Aayyoo na deeysellee hanga kee’n jaalanne (Walaloo Lak. 94)

51
c. Jiini hin bane jettaa kan na gubuu gahe
Na hin jaalattu jettaa kaniin du’uu gahe (Walaloo Lak. 81)
d. Bishaan bishaanuma adiin waa hin jiranii
Jaalatan takkuma waa qalbii’n iranii (Walaloo Lak. 58)
e. Dhagaa lama darbii tokko irra fageesii
Nam lama jaaladhu ana irra jabeessi (Walaloo Lak. 56)
Akkuma hubatamutti walaloowwan fakkeenya—13 jalatti kennaman jaalala kornayaa faallaa
ibsuurratti xiyyeeffata, Haa ta’uu malee karaaan jaalala itti ibsan wal hin fakkaatu. Walaloo
fakkeenya—11a keessatti ‘Mangistii akka keetii too lubbuun ni feeti’ yemmuu jedhu ulaagaa
akkamiitiin akka filatteefi akka jaalatteetu ibsame. Fakkeenya—13b keessatti, ‘Ayyoo na
deessellee hanga kee’n jaalanne’ yemmuu jedhu jaalaltiin an siif qabu isaan harmee too
jaaladhurra ni caala jechuudha. Kanaafuu, cimina jaalalaa ibsa jechuudha. Haaluma
walfakkaatuun walaloo fakkeenya—11c keessatti, “Na’n jaalattu jettaa kaniin du’uu gahe’ yoo
jedhu jaalala guddaan siif qaba yookaan jaala keetii an du’uu gaheera jedhuudha.

Walaloowwan fakkeenya—11d keessatti yoo, ‘Jaalatan takkumaa waa qalbii hin hiranii’ jedhu
qalbii hiruun yookaan asiifi achi jechuun hinbarbaachisu—anuma qofa jaaladhu akka jechuuti.
Kanaafuu ergaa anuma qofa jaaladhu jedhu dabarsa. Isa itti aanu, fakkeenya—11e keessatti
immoo ergaa kana caalaa xiqqo bilisummaa kennuudhaan nama lama jaalachuu dandeessa garuu
lamaan keessaa ana irra caalchisii jaaladhu jechuudhaan ergaan dabarfame.

Kana malees, walaloowwan dikkoo jaalalarraa kan madde hawwii nuti nama jaalannu sanii
wajjiin jiraachuuf qabnu ibsuurrattillee kanneen xiyyeeffatan ni jiran. Walaloowwan weedduu
dikkoo fakkeeny—12 jalatti laataman yaaduma kana mirkaneessa.

Fakkeenya—12

a. Wallisuun na dhibde dhiisuun na mararte


Osoo akka jaalalaa fuutee naan barartee (Walaloo Lak. 21)
b. Gojjoo caayaa dheeraa karaa Mulluu
Osoo akka jaalalaa nu wal malee’n bulluu (Walaloo Lak. 60)
c. Keenya Hirnoo golaa golattuu golattuu
Malaan na jaalattu akka koo’n godhattuu (Walaloo Lak. 13)
d. Aannan ra’ee Iissaa nama macheessanii
An si jalaa’n hafu nallee halaalchanii (Walaloo Lak. 65)
e. Abbaan kiyya duule jaarsummaan guddaanii
Addaan nu’n baasinii Rabbummaan guddaanii (Walaloo Lak. 63)
f. Dhedheeraa gos lamaa leeymaan waleen nyaattee

52
Siifiin leeylii deemaa waa sareen na nyaattee (walaloo Lak. 66)
Akkuma ifatti walaloowwan fakkeenya—12 armaan olitti kenname irraa hubannutti
walaloowwan dikkoo jaalala ibsuu bira darbee hawwii jaalalaa namni tokko jaalallee isaa/ ishee
wajjiin jiraachuuf qabu akka ibsan hubanna. Fakkeenyaaf, fakkeenya—12a keessatti. ‘Osoo akka
jaalalaa fuutee naan barartee,’ yemmuu jadhu ‘an siin jaaladhaa; kanarraa kan ka’e akka fuutee
naan barriftuun hawwa jechuu isaati. Fakkeenya—12b keessattillee, ‘Osoo akka jaalalaa nu wal
malee hin bullu,’ jechuun isaa ‘nuti wal jaalanna; wal malee buluun nurra hinjiraatu ture,’
jechuudhaan tokko. Walaloowwan fakkeenya—12 c keessatti immoo ‘Malaan na jaalattu akka
koo’n godhattuu,’ yemmuu jedhu ‘akka kiyyaa kanatti dhoksaan yookaan toftaan (malaan) na
jaaladhu malee dirree hinbaasin yookaan ifa hintaasisin jechuudha. Kanaafuu, haala namni
waljaalate tokko jaalala isaanii fufsiisuuf godhuu qabu akeeka. Fakkeenya-12d keessatti immoo
yemmuu ‘An si jalaa hin-hafu nallee halaalchanii,’ jedhu jaalalaan siif qaburraa kan ka’e
wareegama hanga lubbutti nii kafala jechuudha. Kanaafuu, walaloo kana keessatti waada
jaalalaaf wareegama barbaachisu kafaluutu ibsame jechuudha. Fakkeenya—12e keessatti immoo
‘addaan nu hin basin Rabbummaan guddaanii’ jechuudhaan kadhannaan lee’insa jalalaatiif
godhame ibsame. Walaloon fakkeenya—12f jalatti kennamte immo miidhaa jaalalti qabduutu
ibsame.

Walaloowwan dikkoo jaalala koorniyaa faallaarratti xiyyeeffattuu miti. Hin baay’atin malee,
walaloowwan dikkoo jaalala nama biraa ibsan ni jiran. Walaloon fakkeenya—13 jalatti kennamte
yaada kana deggarti.

Fakkeenya—13
a. Gaangeen Hassan Muussaa Saamuni Saamunii
Rakkoo sii naaf beekaa aayyoo too naaf buli (Walaloo Lak. 38)

Walaloo kana keessatti, ‘rakkoo too sii naaf beekaa aayyoo too naaf buli’ yaanni jedhu hawwii
umrii dheeraa akka qabaattuuf haadha ofiitiif hawwan madditti, jaalala haadhaaf qabaniis ni
calaqisiifti. Walumaagalatti, dikkoo hedduun jaalala koranayaa faallaa ibsuurratti kanneen
xiyyeeffatan ta’anillee kanneen jaalalaafi hawwii gaarii nama biroo (fakkeenyaaf haadha) qaban
ibsuufillee ni gargaaran.

53
4.3.2. Kulkulfannaa Yaada Jaalalaafi Quuqaa Rakkoo Ibsuu

Ergaawwan walaloowwan weeduu dikkoo keessaa inni biraa kulkulfannaa yaada jaalalaa
ibsuudha. Xiinxiinxala qabiyyee walaloowwan dikkoorratti taasifameen madditti, ragaaleen
meeshaalee funaansa ragaalee birootiin sassaabamaniis yaaduma kana deeggaran. Kana
ilaalchisee odeefkennaan qorannichaa tokko akka itti aanu kana jedhe:

Dikkoon afwalaloodha. Afwalaloon immoo dhugaa haawaasa tokko keessa jiru


bu’ureeffata. Dhimmoota hawaasummaa keessaa tokko jaalala. Jaalalti hanguma
yoo qaceelte bareeddu takka yoo hammaatte yookaan akka barbaanutti deemuu
baatte miidhaa qabdi. Nama yaachifti. Kanaafuu walaloowwan dikkoo gariin
kulkuffannaa yaada jaalalaa kana ni ibsan (Odeefkennaa 17: Marii Garee)

Akka yaada kanarraa hubannutti, walaloowwan weedduu dikkoo jaalala ibsuu maddittiis
kulkulfannaa yaada jaalalaa ibsuufillee akka gargaaruudha. Xiinxalli walaloowwan dikkoo ergaa
kulkulfannaa yaada jaalalaa qabanii itti aanutti fakkeenya—14 hanga fakkeenya—17 jalatti
kennaman keessatti dhiyaata.

Fakkeenya—14

a. Dhagaan daaku cabee wullee yaanni qabee


Akka wullee sanii yaada kee na qabee (Walaloo Lak. 44)
b. Waa bar hin dulloomnee qooqaa na barrisaa
Waa wal dhbaa mitii wal dhabaan farrisaa (Walaloo lak. 32)
c. Asii Asrii kaanee dhiitee karaa bullee
Na sossobda malee atuu garaa’n murree (Walaloo Lak. 57)
d. Dila akkanatti roobu dhagaa jalaan jiraa
Dila akkanatti yaadu, qindii Hirnoo tiyyaa, hin duunee niin jira (Walaloo Lak. 27)
e. Shuumoo bulteen nyaadhe beela moo hiyyummaa
Sheenaa kutteen yaade ana moo biyyumaa (Walaloo Lak. 62)
Walaloo fakkeenya—14a jalatti keenname keessatti ‘akka wullee sanii yaada kee na qabe’
yemmuu jedhu yaanni dubbatame kun kan jaalalaa akka ta’e galuumsarraa ni hubatama. Walaloo
fakkeenya—14b jalatti kenname keessatti yaada ‘siin jaaladha; kanaafuu, si dhabuu hin
barbaadu. Amma dura si dhabuu baadhullee siin dhaba jedheetiin sodaadha yookiin yaaddawa’
jedhuutu dabarfame. Walaloo fakkeenya—14c jalatti kenname keessatti ‘Na sossobda malee atuu
garaa’n murre’ yeroo jedhu, Walaloo fakkeenya—14d jalatti kenname keessatti ergaa ‘Silaa akka
yaada jaalalaatiif ani kan du’uun male; garuu, hangamuu yaadaan dhiphadhullee lubbuun niin
54
jira’ jedhuutu dabarfame. Walaloo fakkeenya—143 jalatti kenname keessatti immoo yaada waan
darbeetu na gaabbisiisee yaaddawa ergaa jedhuutu dabarfame.

Walumaagalatti, walaloowwan fakkeenya—14 jalatti kennaman irraa akka hubannutti dikkoo


yaada jaalalaa nutti jiru ibsachuuf akka gargaaruudha. Kana malees, walaloowwan dikkoo ergaa
hammeenya yaada jaalalaa dabarsan qaban ni jiran. Inni itti aanu, jechuuniis fakkeenyi—15
walaloowwan dikkoo hammeenya yaada jaalalaa ibsan dhiheessa.

Fakkeenya—15
a. Fitawraarii Takleen raareen raada bite
Wal jaalachuun hamtuu yoo wal yaaduun hafte (Walaloo Lak. 24)
b. Hogguu akkanatti koflu jirma qoraa barii
Yaanni garaa keessaa nama dhoraa bari (Walaloo Lak. 54)
c. Tilaantinaa maataa leelituun halkanii
Garaa yaanni dhaane dirmammuu’n arkanii (Walaloo Lak. 15)
Walaloo fakkeenya—15a irratti kennamte keessatti ergaa ‘yoo wal yaaduu baatan wal jaalachuun
miidhaa qaba’ jedhuutu dabarfame. Isa itti aanu, fakkeenya—15b irratti kenname keessatti
immoo ergaa ‘yaanni (jaalalaa) sammuu miidhuu bira dabree akka dhukkubaatti qaamallee nama
huqqisa’ jedhutu dabarfame. Isa dhumaa, fakkeenya—15c irratti walaloo kenname keessatti
ergaa ‘yaanni yoo nama dhaanu akka dhaaniinsa isa uleen qaamni dhaanamuutti dirmammuu
namarratti hin lakkisu yookaan miidhaa yaada jaalalaa namni namaaf hinargu’ jedhuutu
dabarfame.

Walumaagalatti walaloowwan fakkeenya—15 irraa akka hubannutti walaloowwan dikkoo yaada


namatti jiru ibsuuf tajaajiluu bira taree hammeenya yaada jaalalaa ibsuuf akka gargaaran
hubanna. Gama biraatiin walaloowwan dikkoo qabiyyeedhuma kanaan walqabate qaban ni jiran.
Isaan fakkeenya—16 jalatti kennaman akka itti aanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—16
a. Hoolaa Adal qoollee ka wal malee’n oollee
An akkamiin taha kan si malee’n oolle (Walaloo Lak. 30)
b. Koo dhagaan ni daaka, kee ni cillaayfata
Koo garaan koo si yaada, kee na irraanfata (Walaloo Lak. 1)
c. Way an haadaan fooyaa qajjiisa maa’n jennee
Si yaadeetiin booyaa callisi maa’n jenne (Walaloo Lak. 36)
d. Minaaminoo Dooyyoo qoonxar firii’n qabuu
Siifiin leeylii deemaa du’uus gumaa’n qabuu (Walaloo Lak. 95)

55
e. Bishingaan nuu tolee nuu qaxaruu didee
Koo garaan sareedha naa sabbaruu dide (Walaloo Lak. 91)
f. Yaa karaa gooroo dheeraa dhumii’n qabne
Yaa garaa jaalalaa gowwaa sabrii’n qabne (Walaloo Lak. 89)
g. Kaan ittumaan dhiisaa muugee gadiin ciisaa
Akka nama du’ee kee maqaa niin dhiisaa (Walaloo Lak. 77)
Walaloo fakkeenya—16a irratti kenname keessatti, ergaa ‘an si malee ooluu hindanda’u; yaada
keetiif akkamiin taha’ jedhuutu dabarfame. Walaloo fakkeenya—16b irratti kenname keessatti
immoo ergaa ‘akkaan an si yaadutti ati nah in yaaddu’ jedhuutu dabarfame. Ergaan walaloo
fakkeenya—16c immoo ‘yaanni kee na biichisaa jira; maaliif na hin sossobne’ isa jedhuudha.
Walaloon fakkeenya—16d irratti kennamte immoo ergaa ‘yaada jalala keetiifan halkan walakkaa
deema; kun immoo balaarra na buusa; balaasaniin yoon miidhame namni miidhaa koo naaf
hirphu hin jiru’ jedhuutu dabarfame. Walaloon fakkeenya—16e irratti kennamte ergaa ‘jaalala
keetiifan yaaddawa; yaaddoo kana dhiisuuf garaan koo na dideera’ jedhuutu dabarfame. Walaloo
fakkeenya—16f irratti kenname keessatti ergaa ‘garaan jaalalaa obsa hinqbau’ jedhuutu
dabarfame. Isa dhumaa, walaloo fakkeenya—16g irratti kenname keessatti immoo ergaa ‘kana
booda jaalala keetiif yaaddawuu niin dhaaba; akka nama du’eettiin si irraanfadha’ jedhuutu
dabarfame.
Wlaloowwan dikkoo gariin yaada jaalala kornayaa faallaa ibsuu bira taree yaada jaalala nama
biraa ibsuufiis ni gargaaran. Walaloowwan fakkeenya—17 jalatti kennaman haa ilaalluu
Fakkeenya—17
a. Okkotee naa danfi waaniin daakeen marqaa
Yaa tulluu gad godhu aayyoo tiyyaan arkaa (Walaloo Lak. 42)
b. Achi’n qaarre malee tulluu’n cillaayfannee
Sirraan qaare malee obboleeytii too waa si’n irraanfanne (Walaloo Lak. 39)

Walaloo fakkeenya—17a irratti kennamte keessatti ‘yaa tulluu gad godhu aayyoo tiyyaan arkaa’
yoo jedhu aayyoo tiyya, tan halaala narraa jirtu yookaan isii arguuf gaarri (tulluun) na
daangeessiteetu jira; wwaniin yaadee jiruuf niin arkaa tulluu nah in daangeessin jechuu isaati.
Kuniis hawwii haadha arguuf qaban calaqisuuf gargaara. Walaloo fakkeenya—17b irratti
kennamte keessatti ‘sirraan qaare malee obboleeytii too waa si hin irraanfanne’ jechuudhaan
yaada obboleettiif qaban ibsan. Kanaafuu, walaloowwan dikkoo kulkulfannaa yaada jaalala
kornayaa faallaa malees jaalala harmeefi obboleettii ofii ibsuuf gargaaran ni jiran jechuudha.

56
4.3.3. Dinqisiifannaafi Faaruu (Jajiinsa)

Ergaawwan walaloowwan dikkoo keessaa inni biraa dinqisiifannaafi faaruu yookaan jejiinsa
nama tokkoof qaban ibsuudha. Akka qaacceessa walaloowwan dikkoo irratti godhamuun
hubatametti, dinqisiifannaan yookaan faaruun walaloowwan dikkoo kan godhamuuf namoota
jaalatan, fira namoota jaalataniifi kan kana fakkaataniifi. Walaloowwan fakkeenya—18 jalatti
kennaman dinqisiifannaafi faaruu (jajiinsa) nama jaalataniif godhame argisiisan. Akka itti
aanutti dhiyaataniiruu haa ilaalluu:

Fakkeenya—18

a. Muka gaaraa keessaa gaalleen daddabduudhaa


Dila joollee keeysaa sumaa natti jabduudha (Walaloo Lak. 142)
b. Jiini guddaan seene Buusaan urjii malee
Eenyuu si fakkaata mootii Turkii malee (Walaloo Lak. 133)
c.Saakayyoo naaf muri urgooytuu abbeetii
Eeysumaa argamti loosshni akka keetii (Walaloo Lak. 125)
d. Aabboon buna dhaabe muka firii’n qabnee
Suma qofaan arke nama xurii’n qabne (Walaloo Lak. 60)
e.Bishaan keeysa galti maal nyaatti wakkalleen
Hedduulleen jiraattu si’n geeysu takkalleen (Walaloo Lak. 46)
f. Taaddasaa Ergaxee qawwee hunqaa godhee
Hundaa si jaalataa Rabbumaa sii godhee (Walaloo Lak14)

Walaloo fakkeenya—18a irratti kennamte keessatti ergaa ‘akkuma mukkeen hunda keessaa
gaalleen daddabduutti atiis hunda namaa keessaa anatti jabduudha’ jedhuutu laatame. Walaloo
fakkeenya—18b irratti kenname keessatti ergaa dinqisiifannaa isa ‘namni akka keetii hinjiru; ati
nama hundaan adda yoo Mootii Turkii taate male’ jedhuutu ibsame. Walaloo fakkeenya—18c
irratti kennamte keessattillee yaaduma walfakkaatuutu ibsame. Walaloo fakkeenya—18d irratti
kennamte keessatti yaada ‘namoota birootiin addatti ati nama xurii hinqabneedha’ jedhuutu
ibsame. Fakkeenya—18e irratti walaloo kennamte keessatti ergaa ‘Dubarri akka keetii
hedduulleen jiraattullee tan akka teetii hinjirtu’ jedhuutu ibsame. Walaloo fakeenya—18f irratti
kennamte keessatti ergaan dabarfame ‘ati nama hundaan jaalatamta; kun immoo kennaa Rabbiiti’
isa jedhuudha.

Walumaagalatti, walaloowwan fakkeenya—18 jalatti kennaman keessatti dinqisiifannaa namni si


fakkaatu hin jiru; ati nama hundaan adda jedhu ofkeessaa qaban. Fakkeenya—itti aanu

57
(fakkeenya—19) jalatti walaloowwan dikkoo kennaman dinqisiifannaa kutaa qaamaa yookaan
waan gaarii namni tokko qabu ibsuurratti xiyyeeffatan. Akka itti aanu kanatti waliin haa ilaalluu:
Fakkeenya—19
a. Ashiitaan ashiittee ta iddoo abbeetii
Qilleensaa natti fide shittoo morma keetii (Walaloo Lak. 151)
b. Ibiddaan bobeessa daaraan barbadeessa
Hixrii dhuma hinqabne tan ruuzaan walkeessaa (Walaloo Lak. 132)
c. Qacaaciluu qaccee lookoo morma lootii
Takkuma naan kofli kaarruu aannan loonii (Walaloo Lak. 131)
d. Roobni roobee roobee Harargee balleeysee
Loosha Rabbiin uume alangaa fakkeessee (Walaloo Lak. 83)
e. Gaafaan dur ijoollee dirree looniin tiiysee
Hanga’aa kaarruu tee dukkanallee ibsee (Walaloo Lak. 99)
f. Galamsoottiin deema galu sirraan gora
Nadha baaftuu tiyya tan gororri dharraa (Walaloo Lak. 72)
g. Uluulittiin aayree daaytuun bishaan daaytuu
Ijji tan tee kuulaa tani namaan laaltu (Walaloo Lak. 100)
h. Qoshomii qoshomii qooshaa beerri daaytu
Qoomamii qoomamii daafaa dubri yaatu (Walaloo Lak. 76)
Walaloo fakkeenya—19a irratti kennamte keessatti, ergaa ‘ati urgooytuudha; urgooftuu ati
dibatte halaalatti qilleensi natti fide’ jedhu isa urgaa’uu nama tokkoo ibsuutu dabarfame.Walaloo
fakkeenya—19b irratti kennamte keessti, yaada ‘ati akka dhangaa hixrii dhuma hinqabne kan
ruuzaan walkeessaati’ jedhuutu ibsame. Walaloo fakkeenya—19c irratti kenname keessatti,
yaada’ mormi kee lookoodha yookaan diriiraadha; kaarruus tan akka aanan loonii qabdaa naaf
kolfi’ jedhuutu dabarfame. Walaloo fakkeenya—19d irratti kennamte keessatti ergaa ‘boca
qaama keetii Waaqni bareechee, llosha fakkeessee uume’ jedhuutu laatame. Walaloo fakkeenya
—19e irratti kennamte keessatti ergaa ‘ kaarruun tee tan hangaatu yookaan calalaqxu
dukkanallee ni ibsiti’ jedhuutu dabarfame. Walaloo fakkeenya—19f irratti kennamte keessatti
dhaamsa ‘gororri kee damma; nadha yookaan dharraa nama baasa’ jedhuutu ibsame. Walaloo
fakkeenya—19g irratti kennamte keessatti ‘ijji tantee kuula tan namaan ilaaltu’ jechuudhaan
dinqisiifannaan ijaa ibsame. Walaloo fakkeenya—19h irratti kennamte keessatti immoo yaada
‘sagaleen akkaataa deemsa durbaatiin uumamtu nama hawwatti’ jedhuutu akeekame.

Walumaagalatti, walaloowwan fakkeenya—19 jalatti kennaman irraa akka hubannutti dikkoon


kutaa qamaa nama tokkoo haala garagaraatiin dinqisiifachuuf ni tajaajilti. Kana malees, dikkoon
kallattiin nama tokko dinqisiifachuufi kutaa qaamaa nama tokkoo jajuu bira taree fira
(obboleeysa, obboleeytii yookaan abbaa fi kkf) nama tokkoo jajiifillee akka tajaajiltu

58
qorannichaan bira gahameera. Fakkeenyi—20 (itti aanu) yaaduma kana deeggara. Akka
ittiaanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—20
a. Adaree biyyoo biyyoo muggutii
Obboleessi kee qallaa shugguxii (Walaloo Lak. 157)
b. Anniyya torbuma Meettaan saddeetumaa
Kudha lamaan Alaa jiraan abbeetuma (Walaloo Lak. 112)
c.Qalamshiishaan hodha gundoo marsaa shanii
Gurbee jaboo qaba qallaa hula shanii (Walaloo Lak. 71)
Walaloo fakkeenya—20a irratti kennamte keessatti, yaada ‘obboleessi kan kee qallaa
bareedaadha’ jedhuutu dabarfame. Walaloo fakkeenya—20b irratti kennamte keessatti immoo
ergaa ‘abbaan kee hoogganaa gosa Alaa hundaati; beekkamaadha yookaan jaalatamaadha; ati
intala yookaan gurbaa nama beekkamaati’ jedhuutu ibsame. Walaloo dhumaa (fakkeenya—20)
keessatti immoo yaada ‘gurbee kee sooreessa qallaa hula shanii qubuudha’ jedhuutu ibsame.

Walumaagalatti, walaloowwan dikkoo dinqisiifannaa yookaan jajiinsa nama tokkoo, kutaa


qaamaa nama tokkoo yookaan fira nama tokkoo ibsuuf akka tajaajiltu fakkeenya kanarraa
hubanna.

4.3.4. Balaaleeffannaa, Qeeqaafi Arrabsoo

Akka qaacceesa walaloowwan dikkoorratti gaggeeffamuun bira gahametti ergaawwan dikkoo


keessaa inni biraa balaaleeffannaa, qeeqaafi arrabsoo wanta, gocha yookaan nama tokkoo
ibsuudha. Walaloowwan dikkoo fakkeenya—21 hanga fakkeenya—23tti kennaman
balaaleeffannaa, qeeqaafi arrabsoo bifa garagaraatiin dabarsan. Akka itti aanutti dhiyaataniiru:

Fakkeenya—21
a. Jiini garbuu’n gooysu numa shaakarreessaa
Hamaan dubbii’n dhooysu waliin nu balleessa (Walaloo Lak. 163)
b. Xaafii facaafannee ni takkatte malee
Qaadhimaa ni qabna ni batattee malee (Walaloo Lak. 159)
c. Urruubsuu hin beeytu numa walaawwaltaa
Waaniin sirraa jibbe numa alaanaltaa (Walaloo Lak. 136)
d. Jiboonni wal a’ee koottu abbaa jibootaa
Eessaa as dhaabbatta yaa zangii silootaa (Walaloo Lak. 130)
e. Dorrobaan muummichaa buna cabsee mitii
Waan kabajaa dhabaa siin arrabsee mitii (Walaloo Lak. 128)

59
Walaloo fakkeenya—21a irratti kenname keessatti, gocha nama walitti diruu yookaan walitti
buusuutu balaaleeffamtame. Walaloo fakkeenya—21b irratti kennamte keessatti immoo
batattaa’uu yookaan buxa dhabuu qaadhimaatu qeeqame. Isa itti aanu, fakkeenya—21c irratti
kenname keessatti urrubsuu yookaan alalaasuu wallaaluufi rakkoo qofa haasa’uu yookaan
alaanaluutu arrabsame. Walaloo fakkeenya—21d irratti kennamte keessatti akka zangii
silootaatti bakkayyu dhaabbachuutu balaaleeffatame. Isa dhumaa walaloo fakkeenya—21e irratti
kennamte keessatti immoo kabajaa dhabuutu balaaleeffatame.

Fakkeenya—22
a. Hamartii gowwaa taguugattiin naqee
Hamartii haaqilaa quba koottiin naqee (Walaloo Lak. 87)
b. Qalamshiishaan hodha safii niin tottoba
Gowwaa akka hin qabne qabeetiin sossoba (Walaloo Lak. 84)
c. Geeylee gubbaan muka jalaa garbuu muugaa
Doofaa afaan mukaa osoo’n nyaanne muugaa (Walaloo Lak. 86)
d. Mataqomaa lagaa bubbeen walaawwaltee
Kan qaadhimaa doofaa dachiin garaangaltee (Walaloo Lak. 85)
e. Gaara kanaan gubbaa Citaan birki birkii
Maal jettee natti dhaamte wanni cittoo milkii (Walaloo Lak. 74)
f. Dikkoon dhagaa’n daaytu dhagaan daaku booyee
Walitti qabee fide faradoowwan booyyee (Walaloo Lak. 4)
g. Nu shuummoo affeelle shuumoo atarootaa
Eeysaa nurra buuse eeysuma gabrootaa
Shanyii faradootaa (Walaloo Lak. 104)
Walaloo dikkoo fakkeenya—22a irratti kennamte keessatti gowwaa hamartiin isaa taguugatti
darbamteetu arrabsame. Walaloo fakkeenya—22b irratti kennamte keessattiis gowwaa akka hin
qabneetuu qeeqame. Walaloo fakkeenya—22c irratti kennamte keessatti gowwaa afaan
mukaatuu arrabsame, walaloo fakkeenya—22d irratti kennamte keessatti qaadhiimaa doofaa kan
dachiin garaangalteetu ibsame. Walaloo dikkoo fakkeenya—22e irratti kennamte keessatti nama
jibban tokko akka cittoo milkii jechuun arrabsan hubanna. Walaloo fakkeenya—22f irratti
kennamte keessatti nama dhagaa daakuu hinbeeyneetu faradoowwan booyyee jedhamuun
arrabsame. Walaloo dikkoo fakkeenya—22g irratti kennamte keessatti immoo eessuma
gabrootaa fi sanyii faradootaa jechuudhaan arrabsoon ibsame.

Walaloo fakkeenya 22—a irratti kennamte keessatti

Fakkeenya—23

60
a. Asii si darbanii daka si buusanii
Kee heerumni’n geenya jala si buusanii (Walaloo Lak. 7)
b. Saakayyoo Ullulaa qilleensaa lullulaa
Miciyyoo guntutaa warri maa gurguraa (Walaloo Lak. 120)
c. Koo mataan luuccaadha naaf filamuu didee
Kee garaan joolleedhaa naaf sobamuu didee (Walaloo Lak. 113)
d. Fadisoon gaariidha bishaantuu qaaliidha
Lamaan waljaalate waljibbaan qaaniidha (Walaloo Lak. 115)
e. Wallisaan dheebotee beeysaa areeratee
Kan addaan nu baase dilii hammaarratee (Walaloo Lak. 68)
f. Suguyyaan maal qalti fooni qaanxeessitii
Wanni akka hinqabne nama qaaneessiti (Walaloo lak 64)
g. Hiddattoo biroo siin naggadaa mitii
Yoo diroon gammadde siin gabbaraa mitii (Walaloo Lak. 49)
h. Abbiyyoon naan lole haa loluu abbaa kiyyaa
Ati maa naan lolta ta hiriyaa tiyyaa (Walaloo Lak. 40)
i. Gaggabee na’n qabne kufee na’n dhaqqabne
Namaan asii’n qabne kan onnee na’n qabne (Walaloo lak. 28)

Walaloo fakkeenya—23—a irratti kennamte keessatti osoo hinga’in heerumsiifamuutu


balaaleeffatame. Walaloo fakkeenya itti aanu keessattillee ergaadhuma kanaatu jira. Walaloo
fakkeenya—23c irratti kennamte keessatti ijoolummachuun sossobamuu dhabuutu qeeqame.
Walaloo dikkoo fakkeenya—23d irratti kennamte keessatti lameen waljaalate deebi’ee
waljibbuutu balaaleeffatame. Walaloo fakkeenya—23e irratti kennamte keessatti nama nama
addaan baasu yookaan walitti buusuutu arrabsame. Walaloo dikkoo fakkeenya—23f irratti
kennamte keessatti nama nama qaaneessuutu akka dhabaan arrabsame.. walaloo dikkoo
fakkeenya—23g irratti kennamte keessatti immoo hiddattoo biraatuu akka gabbaramuu
hinqabaanne ibsame. Wallaloo fakkeenya—23h irratti kennamte keessatti yeroo rakkoo hamtuu
namaaf dhaqqabuu dhabuutu qeeqame.

4.3.5. Dhaammannoo

Ergaawwan walaloowwan dikkoo keessaa inni tokkoofi kan biraa dhaammannoo adda addaa
namoota adda addaatiif dhimmoota adda addaarratti dhiheessuudha. Walaloowwan qabiyyee
kana qaban fakkeenya—24 fi fakkeenya—25 tti jiran jalatti laatamaniiru.

Fakkeenya—24

a. Hawwisoon maal jette gadheen maal hamatti


Qotaa gadhee sanii naaf baasi hamartii

61
Yoo gadheen waa jette jirma kootiin natti (Walaloo Lak. 162)
b. Adeeroo naaf yaami marii tana finnaa
Abbiyyoo hin yaamin marii tana didaa (Walaloo Lak. 160)
c. Yoggaa jiini hinjirre urjii takkaa ibsaa
Leeylii badii koottu lubbuu Rabbii tiiysaa (Walaloo Lak. 150)
d. Koottu koottu jettee mee na’n yayyaaminii
Jiraadhu niin dhufaa duuti na’n saaminii (Walaloo lak. 144)
e. Saakayyoo naaf muri ta dhaabbannoo taatu
Takkuma naan kofli tan dhaammannoo taatu (Walaloo Lak. 135)
f. Qacaaciluu qaccee yaa filaa dardaraa
Aayyoon dubra’n qabduu galuufiin jarjaraa (Walaloo Lak. 127)
Walaloo fakkeenya—24a irratti kennamte keessatti yaada qotaa yookaan morka gadheetiif
hamartii naaf baasii yoo gadhee dubbii goote immoo jirma koo naaf fidi jedhuutu dabarfame.
Fakkeenya—24b irratti walaloo kennamte keessatti ‘abbiyyoo hin yaaminii adeeroo isa marii
keenya fixu naaf yaami’ dhaamsa jedhuutu dhaammatame. Fakkeenya—24c irratti walaloo
kennamte keessatti ergaa ‘lubbuu keetiif if hin soodaatinii halkan walakkaa badii koottu, Rabbiin
si eegaa’ jedhudutu dhaammatame. Walaloo fakkeenya—24d irratti kennamte keessatti ‘ koottu
jettee nah in yayyaamin’ dhaamsa jedhuutu dabarfatame. Walaloo fakkeenya—24e irratti
kennamte keessatti yeroo maayyiitiif akka isiif kolfamu dhaammannoof kadhatame. Walaloo
fakkeenya dhumaa keessatti immoo yaada ‘na hin komatin deemuu kootiif; sababni isaas
aayyoon too tan dubra hinqabne na eegaa jirti’ jedhuutu dabarfame.

Fakkeenya—25

a. Burjaana kaayyadhuu lootii naaf baafadhuu


Koottuu dhagaa daaki hiriyaa yaammadhuu (Walaloo Lak. 117)
b. Iddoo mana naa dhaabi shunkurtaa
Faaya morma keetii naa baasi kulkultaa (WalalooLak. 96)
c. Ituun guddoon Baabbo Gaadullaan galaalchaa
Koottu wajjiin gallaa daymaan siif xalalchaa
Daymilleen bishaanii sayyaaniin si galchaa (Walaloo Lak. 79)
d. Bishaaniin waraabaa osoo fardi hin dhuuynee
Galgalaaniin dhufa osoo atin hin muuyne (Walaloo Lak. 53)
e. Haraashiin haa qottuu koottu abbaa jibootaa
Naa simalee ja’e diddee akkam goota (Walaloo Lak. 31)
Walaloo fakkeenya—25a irratti kennamte keessatti akka burjaanni isiif baafatamuufi hiriyaan
yaamatamee akka dhagaan wajjiin daakamu gaafatame. Walaloo fakkeenya—25c irratti
kennamte keessatti damma isaaf/ isiif xalalchuudhaaf akka gara manaa wajjiin galtu/ galuu
qabaattu/ qabaatuutu gaafatame. Walaloo fakkeenya—25d irratti kenname keessatti ergaa

62
‘galgalaan akka dhuftuutu dhaammatame. Walaloo fakkeenya—25e irratti kennamte keessatti
ergaa ‘ana kan si malee jedhe diddee akkam goota’ jedhuutu dabarfame.

4.3.6. Gorsa Laachuu

Akka qaacceessa walaloowwan weedduu afwalaloo dikkoorratti gaggeeffameen bira gahametti,


ergaawwan yookaan qabiyyeewwan dikkoo keessaa tokko gorsa dhimmoota gara garaarratti
laachuudha. Walaloowwan afwalaloo dikkoo kanneen ergaa kana qaban akka itti aanutti
fakkeenya—27 jalatti laatamaniiruu waliin haa ilaalluu:

Fakkeenya—26

a. Hoggaa Ciroo buutu nibraa timaantimii


Goofaree’n laalinii hinqabu saantimii (Walaloo Lak. 78)
b. Issa hoolaa’n qabu re’oora yaafataa
Dura’n deddeeminii gowwaan ni maraataa (Walaloo Lak. 75)
c. Ajjeeseen kormuma dheeyseen bar luuynumaa
Heerumteen gurrumaa sadoon dubroomuma (Wlaloo Lak. 67)
d. Ani boruun du’aa maal jettee naa boochaa
Waldhabaatu jiraa maal jettee naan oodda (Walaloo lak. 18)
e. Dukkana’n duulanii ji’a baafatanii
Dubbii nama dhbde amba gaafatanii (Walaloo lak. 17)
f. Qooshaa takkaan daaka tan warra garaadaa
Dura’n deddeeminii gowwaan ni maraataa(Walaloo Lak. 5)
g. Mataa mammartanii qajjiisa footanii
Ifii wal taatanii ana amba gootanii (Walaloo Lak. 105)

Walaloo fakkeenya—26a irratti kennamte keessatti gorsa ‘yeroo Ciro buutu yookaan ennaa
gabaa baatu nama goofaree bareedaa qabu ilaaltee qaadhimummaaf hin qabatin; sababiin isaas
namni akkasii goofaree malee maallaqa yookaan horii ittiin si bulchu hin qabu waan ta’eef’
jedhuutu kenname. Walaloo fakkeenya—26b irratti kennamte keessatti gorsa ‘gowwaan waan
hinaafee maraatuuf jecha dura deddeemuu hinqabaattu’ jedhuutu laatame. Walaloo fakkeenya—
26c irratti kenname keessatti immoo gorsa ‘heerumuun maqaaf yookaan gurraaf qofa malee
yeroo heeruman sadoo yookiin qananii akka yeroo dubroomaa hin argatan’ jedhuutu kenname.
Walaloo fakkeenya—26d irratti kennamte keessatti ‘nuti waldhabuuf yookiin walitti bu’uuf
waliin ooduu yookaan walirraa qoorrifachuu hinqabaannu; sababiin isaas, boru du’aan addaan
bahuu dandeenya; kanaaf jecha yeroo san akka jennee waliif boonyu dhabna’ jedhuutu akka

63
gorsaatti dabarfame. Walaloo fakkeenya—26e irratti kennamte keessatti yaad ‘akkuma dukkana
keessa hin duullee jiini yookaan addeessi hanga ba’uu eeggatanitti dhimma nama rakkise tokko
nama biraa gaafachuun furmaata itti barbaadan’ jedhuutu dabarfame. Walaloo fakkeenya—26f
irratti kennamte keessatti gorsa walfakkaataa isa fakkeenya—26b irratti kennameen tokkootu
laatame. Walaloo fakkeeny—26g irratti kennamte keessatti ‘isin ofii waltaatanii yookiin waliif
galtanii ana amba yookaan alagaa hingodhinaa’ jedhuutu akka gorsaafi komiitti dhiyaate.

4.3.7. Hariiroo Hawaasummaa Ibsuufi Cimsuu

Hariiroo hawaasummaa ibsuufi cimsuun qabiyyeewwan afwalaloo keessaa isa tokko.


Afwalaloon dikkootiif, akkuma afwalaloo birootti, barbaachisummaa hariiroo hawaasummaa
ibsuufi hariirichi akka cimu taasisuurratti kan xiyyeeffatan ni jiran. Walaloowwan weedduu
dikkoo kanneen fakkeenya—27 jalatti kennaman yaaduma kana deeggaran.

Fakkeenya—27

a. Obboleessi kan kee ka duutu si awwaalu


Biyyee sitti deebisee deebi’ee si laalu (Walaloo Lak. 114)
b. Sareen hirpha’n qabdu mucucaattee’n kuftu
Hojiin warraa’n dhumtuu hula cuftee’n dhuftuu (Walaloo Lak. 102)
c. Aalaa ooyruu teenyaa wajjiin nyaannaan se’ee
Takkittii baranaa wajjiin baanaan se’ee (Walaloo Lak. 88)
d. Koottu koottu jetta mee na’n yayyaaminii
Jiraadhu niin dhufaa duuti na’n saaminii (Walaloo Lak. 61)

Walaloo fakkeenya—27a irratti kennamte keessatti hiikkoon maalummaa obbolummaa


himamuudhaan obboleessaa wajjiin hariiroon gaarii qabaachuun akka barbaachisaa ta’e
akeekame. Walaloo fakkeenya—27b irratti kennamte keessatti yaada ‘hojiin warraa waan hin
dhumneef isaaf jennee hariiroo keenya laaffisuu hin qabaannu; ana bira koottu’ jedhuutu hariiroo
cimsachuuf ibsame. Walaloo fakkeenya—27c irratti kennamte keessatti ‘aalaa wajjiin nyaachaa
bara kana baana yookaan dabarsina natti fakkaachaa ture; amma haala kanaan addaan bahuun nu
hinbaarbaachisu’ yaada jedhuutu akeekame.

64
4.3.8. Roorroo Ibsuu

Qabiyyeewwan afwalaloo keessaa tokko quuqaa yookiin roorroo nama mudate tokko ittiin
ibsachuudha. Afawaloon dikkootiis akkasuma quuraafi roorroo ofii himachuuf akka ttajaajiltu
qaacceessa ragaalee qorannichaatiin bira gahameera. Walaloowwan weedduu dikkoo kanneen
ergaa kana qaban haala itti aanutti fakkeenya—28 jalatti laatamuun xiinxalamaniiru.

Fakkeenya—28

a. Bishaan waraabanii Nooleen bishaan fixxee


Ahmad Alii dhoorki roorroon biyya fixxee (Walaloo Lak. 166)
b. Eeysuma koo beeytaa kan jiraa Gutayyuu
Waan na goote beeytaa hangaan jiru’n fayyuu (Walaloo Lak. Xxx)
c. Karaa Adareedhaa karaa namaa’n taanee
Adeerri aanteedhaa abbaa namaa’n taanee
Silaa numa ta’aa namumaaf hin naane (Walaloo Lak. 115)
d. Mudana mudana buute gaangeen lamaa
Waa ta durii mitii fuute dubbiin nama (Walaloo Lak. 106)

Walaloo fakkeenya—28a irratti kennamte keessatti ‘Nooleen bishaan waraabuun waan fixxee
nutti roorrofteef Ahmad Alii koottuu nurraa dhoowwi’ yeeda jedhuutu dabarfame. Akka ragaa
meeshaa funaansaa biraatiin (marii gareetiin) argatametti Ahmad Ali Xasee nama beekkamaa
hooganaa gosaafi bulchaa bulchiinsa Godina Harargee Lixaa tureedha (Odeefkennaa 22: Marii
Garee). Walaloon tun kallattiidhaan roorroo ni jirti jedhamte san ibsiti. Walaloo fakkeenya—28b
irratti kennamte keessatti immoo yaada ‘roorroon ati natti roorrifte hedduudha yookaan
guddoodha; kanaaf jecha hangaan lubbuudhaan addunyaa kanarra jiru hinfayyu’ jedhuutu
ibsame. Walaloo fakkeenya—28c irratti kennamte keessatti adeerri akka abbaa akka tahuu hin
dandeenye; sababni isaa waan namatti roorrisuuf akka ta’e ibsame. Walaloo fakkeenya itti aanu,
(fakkeenya—28d) irratti walaloo kennamte keessatti ergaa ‘namni gam agama bahuudhaan wal
loluu eegaleera; haalli dur nagaan jiraatan sun hafeera’ jedhuutu akeekame.

4.3.9. Hawwiifi Fedhii Ofii Ibsachuu

Egaawwan afwalaloowwan ummata tokkoo keessaa inni biraa hawwiifi yaada ofii ibsuudha.
Afwalaloon dikkootiis ergaa kana ni qabdi walaloowwan afwalaloo dikkoo argaa kana qaban
haala itti aanutti qindaa’uun fakkeenya—29 jalatti laatamaniiru:

65
Fakkeenya—29

a. Aadam Adusabuur biyyee irra tuulanii


Osoo akka jaalalaa sumaaf na dhiisanii (Walaloo Lak. 158)
b. Fadisiifi Bokkoo amna guyyaa tokkoo
Eenyuttiiin si dhiisa eega Rabii tokkoo (Walaloo Lak. 141)
c. Aabboon na kabalee karra na ceesisee
Quduraa jaalalaa suma na feesise (Walaloo Lak. 137)

Walaloo dikkoo fakkeenya—29a irratti kennamte keessatti ‘osoo akka jaalalaa siif ana dhiisanii’
jechuun hawwiin qaban ibsame. Walaloo fakkeenya—29b irratti kennamte keessatti hawwii
‘Rabbii tokkicha qofattiin si dhiisa; Isaatu akkaan an barbaadutti si tiksa’ jedhuutu ibsame.
Walaloo fakkeenya—29c irratti kennamte keessatti hawwii ‘an fedha keetiin qaba; si argachuun
barbaada’ jedhuutu ibsame.

4.3.10. Leeccalloo Ibsuu

Akka qaacceessa walaloowwan dikkoo akka ragaalee qorannichaatti funaanamanirratti


gaggeeffamuun bira gahametti, ergaawwan dikkoo keessaa tokko leeccalloo yookaan qabeenya
qusachuu ibsuudha. Walaloowwan qabiyyee kana qaban haala itti aanutti qindaa’uun dhiyaatanii
qaacceeffamaniiru.

Fakkeenya—30

a. Dorrobaa’n fidinii waan maallaqa fixaa


Abuyyadii biti waan walitti nufidaa (Walaloo Lak. 161)
b. Muuyraa calleessanii daaroota guutanii
Dubroo dhagaa daakkii dikkoo’n dhageessanii (Walaloo Lak. 116)

Walaloo dikkoo fakkeenya 30a irratti kennamte keessaati ‘dorrobaa’ jechuun gosa huccuu
yookaan wayaa isa gatii guddaa baasuudha. Abuyadii jechuun immoo gosa huccuu gatiin isaa
rakasa ta’eedha. ‘dorrobaa hin fidiniitii abuyadii bitti; isaatu karaa diinagdeen keenya hin
miidhamneen salphatti walitti nu fiduu danda’a’ ergaa jedhuutu walalichaan dabarfame.
Fakkeenya—30b irratti waloon kennamte immoo jechi muuyraa jedhu gosa yookaan akaakuu
bishiingaa baay’ee beekkamaafi jaalatamaa ta’eedha. ‘Daaroota’ jechi jedhu immoo akaakuu
gundoo yookaan safii tan midhaan itti saffaramuudha. Daaroonni qunnaa isa yeroo midhaan
daakan ittiin qicatanirra haalaan guddaadha. Walaloo kana keessatti’ muuyraa calleessanii

66
daaroota guutanii; dubroo dhagaa daakkii dikkoo hin dhageessanii’ yoo jedhu ‘bishingaa hedduu
calleessanii daaroota guutuudhaan dikkoo weeddisaa daakuun hin barbaachisu; qunnaan yookaan
meeshaa sanirra xiqqaatiin qicatanii (hammaarratanii) xiqqo xiqqoon qusachaa daakkachuutu irra
gaariidha’ yaada jedhuutu akeekame.

4.3.11. Gammachuu Ibsuu

Akka xiinxala walaloowwan dirroorratti gaggeeffameen bira gahametti, walaloon dikkoo ergaa
gammachuu ibsuu qabu ni jira. Mee akka fakkeenyaatti walaloo dikkoo fakkeenya—31 jalatti
laatamte haa ilaalluu:

Fakkeenya—31
Ala bishaan horaa calleen narraa citttee
Shananaan diradhee eega ati naa dhuftee (Walaloo Lak. 73)

Walaloo fakkeenya—31 jalatti laatamte keessatti jechi callee jedhu faaya mormatti kaayyatamu
ibsa. Faayi kun gatiin isaa rakisha yookaan bushaadha. Shanaanniis akkuma calleetti faaya
mormatti kaayyatamuudha. Garuu gatiin isaa calleerra qaaliidha. Walaloo kana keessatti ‘calleen
narraa citte, shanaanaan diradhe yookaan kaayyadhe eega ati naaf dhufte’ yemmuu jedhu
gammachuu dhufaatii nama saniitiif faayi qaaliin akka godhatame ibsa.

4.4.Ga’ee Dikkoon Ijaarsa Eenyummaa Oromoo Calaqqisuu Keessatti Qabu


Qabiyyee yookaan ergaa isaanii isa kanaa olitti ilaalleen madditti walaloowwan dikkoo
eenyummaa ummata naannawichaa calaqqisuu keessatti gahee guddaa akka qabu qorannoon kun
bira gaheera. Kutaa kana keessattti akkaataa ummanni naannawichaa walaloowwan dikkoo
keessatti itti ibsaman bal’inaan ilaalla.

4.4.1. Oromoo Birati Horsiisni Horii Akka Bu’ura Ta’e

Fakkeenya—32

Aniyya loon qaba loontu jabbii qaba


Qarxaasa’n moofooyne siitu harkaa qaba. (Walaloo Lak. 146)
Akka bo’oo tokkoffaa walaloo fakkeenya—32 jalatti kennameetti ciroon, ‘Anniyya loon qaba’
jedhu akka Anniyya, gosa Oromoo Oromiyaa gara bahaa jiraatu keessaa tokko, akka loon qabu
ibsa. Kana jechuun, akkuma waliigalaatti Oromoon loon akka horsiifatu akeeka.

67
4.4.2. Sanyummaan Kan Dabru Gara Abbaatiin Ta’uu

Hawaani gara garaa karaa sanyummaa maatiirraa ilmootti dhaalamtuun (dabartuun) aadaa isaanii
irratti hundaa’uudhaan seera gara garaa qaban. Hawaasa tokko tokko keessatti sanyummaan kan
dhaalamtu hortee haawwabban lamaaniirraayi. Tokko tokko biratti immoo sanyii gara abbaa
qofa irraayi. Kan sanyii gara haadhaa himatulleen hin dhabamu.

Akka ragaan qorannoo kanaa argisiisutti walaloowwan dikkoo ijaarsaeenyummaa ummata


Oromoo Oromiyaa gara bahaa jiraatan ibsuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Walaloowwan dikkoo
fakkeenta itti aanu jalatti nama tokko ittiin murteessu argisiifti.

Fakkeenya—33

Aabboon qabaabaadha darban malee’ kufuu


Anuu snyaniin isaa yaaman malee’n dhufu (Walaloo Lak. 138)

Walaloo kana keessatti jechi ‘Aabboo’ jechi jedhu ummata biratti gaalee abbaa kiyya jedhu kan
bakka bu’u hogguu tahu bo’oo tokkoffaa walaloo kanaa keessatti dubartiin dikkoo kana
weeddiftu gabaabaa ta’uuufi arban malee kufuu dhabuu abbaa isii ibsite. Bo’oo lammaaffaa
keessatti immoo gaaleen ‘anuu shaiin isaa’ keessatti bamaqaan ‘isa’ jedhu waan abbaa bakka
bu’uuf anuu sanyii abbaa kootiiti jechcu ta’a. Kanarraa kan hubannu ummata Oromoo Oromiyaa
gara bahaa jiraatan biratti sanyummaan, horteen yookaan lammummaan gara abbaatiin akka
dhaalamuudha.

4.4.3. Sabboonummaafi Hubannaa Seenaa Qabaachuu

Akkuma beekkamu ummanni Oromoo Oromiyaa gara bahaa jiraatan seenaa ofii beekuufi
namoota beekkamoo saba isaanii ta’an jaalachuu keessatti daaddaa hin qaban. Namoota
bebeekkamoo ummaticha biratti beekaman hedduu keessaa tokko Iyyaasuu Mikaa’iil Aliiti.
Ummanni Oromoo Ituu, Afran Qalloofi Humbannaa Iyyaasuu wajjiin walitti dhufeenya cimaa
qaban. Sababiin isaa yoo gaafannu , odeefkennaan qoraannichaa tokko akka itti aanutti deebii
laatan:

Iyyaasuun sababa Muslima ta’eeffi hiddi dhaloota isaa waan Oromootti


dhaabbatuuf aangawwoonni sirna bulchiinsa Minilik (nafxanyoonni) akka
aangoorraa bu’ee hidhamu godhan. Iddoo itti hidhamuus Godina Harargee
68
Bahaa, Gaara Mul’ataa akka ta’u murteessan. Kana booda, mootii keessan kan
masara naannawa kanatti naaf ijaaraa jedheeutu jiraa masara asitti jaaraaf
jechuudhaan ummanni akka gala, farad, harreefi gaangee isaaniitiin dhagaa
halaalaa guuruudhaan gamoo ijaaran taasisan. Ergas booda Iyyaasuu fidani
achitti hidhan (Odeefkennaa 19: Marii Garee)

Ergaa kanarraa akka hubannutti ummanni naannawichaa sabboonummaa isaarraa kan ka’e soda
tokko malee masara sehuudhaan gaashiree Iyyaasuun itti hidhame ijaaran. Isaan waan masara
se’aniif qofa ijaarsa sana irratti hirmaatan. Kana caalatti sabboonummaa ummatichaa kan
argisiisu afwalaloo weedduu keessatti haala Iyyaasuu itti ibsaniidha. Walaloo fakkeenya—34
jalatti kennamte yaaduma kana deeggarti. Mee haala itti aanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—34

Dunfuree Iyyaasuu filaan keessa loohaa


Dunfuree gowwaa immoo tiitichaa irraa looha (Walaloo Lak. 156)
Walaloo fakkeenya—34 jalatti kennamte keessatti dunfuree yookaan goofaree iyyaasuufi kan
gowwaatu walbira qabamuun madaalame. Madaallii godhameeniis dunfuree Iyyaasuu akka
filaan keessa loohu ibsame. Dunfuree filaan keessa loohu jechuun maal jechuu akka tahe
gaafatamanii odeefkennitoonni qorannichaa akkas jechuun deebisan: “Dunfuree abaluu filaan
keessa looha jechuun rifeensi isaa luuccaa, lallaafaa yookaan kan hin guduraa’ini jechuudha”
(Odeefkennaa 16: Marii Garee)

Kanaafuu, dunfureen Iyyaasuu bareedaa, filatamaafi dinqisiifamaa akka ta’e ibsan jechuudha.
Gama biraatiin dhugumaan dunfureen Iyyaasuu hangas bareedaadha moo beekaa jedhan jechuun
gaafatamuun odeefkennaan biraa akkas jedhe: “Afwalaloo keessatti abbaan fedhe bareedaa haa
ta’u, yoo ibbansa isaa qabaatan ni arrabsan. Abbaan fedhe kan fokkotaadha ja’amu haa tahuu, isa
jaalannaan akka ajaa’ibaatti faarsan” (Odeefkennaa 20: Marii Garee).

Bo’oo lammaffaa walalichaa yoo ilaalle, kanuma hubanna. Bo’oo lammaffaa walalichaa
keessatti jechi gowwaa jedhu nama kamuu kan abshaala hin ta’in yookaan harsama jechuu qofaa
miti; caalatti nama faallaa Iyyaasuu ta’e jechuudha, akka galuumsa kanaatti. Kanaafuu akka
dhaamsa walalichaatti dunfureen namoota faallaa Iyyaasuu xuraawaa, kan qulqullummaa
hinqabne jechuudha.

69
Walumaagalatti, walaloo fakkeenya—34 irraa akka hubannutti, ummanni nannawichaa
Iyyaasuuf ilaalcha gaarii akka qaban; namoota faallaa isaa immoo ni jibban. Kun kan nutti
argisiisu ummatichi sabboonummaafi hubannaa seenaa cimaa akka qabaniidha.

4.4.4. Beekkoomsa Xiinqaamawaa (Astronoomii) Qabaachuufi Dhahatti


Gargaaramuu

Ummanni Oromoo saba beekkoomsa ganamaa (indegineous knowledge) bal’aa qabuudha.


Beekkoomsa ganamaa ummatichi qabu keessaa tokko beekkoomsa xiinqaamawaa (astronomy) ti.
Ummatichi qaamoota hawaa (celestial bodies) irra deddebi’uun haalcaasaa sochii (movement
pattern) isaan hubachuudhaan maqaa itti moggaasanii ittiin yaamaafi dhaha hundeeffachuu bira
taranii haala qilleensaa bara itti aanuu ittiin raaggachaa turan (Asmaron Legese, 1993).

Walaloowwan dikkoo kanneen eenyummaa saba kanaafi hubannaa isaan xiinqaamawaarratti


qaban akeekan ni jiran. Akka fakkeenyaatti walaloo fakkeenya—35 jalatti kennamte waliin haa
ilaalluu:

Fakkeenya—35

Jiini guddaan seene kan Buusaan Urjii malee


Eenyuu si fakkaata Mootii Turkii malee (Walaloo Lak.133)

Walaloo fakkeenya—35 jalatti kennamte keessatti yoo bo’oo jalqqabaa ilaalle, ‘Jiini guddaan
seene Buusaan urjii malee…’ isa jedhu argina. Kana jechuun addeessi inni guddaan seeneera;
kan hin seeniin urjii Buusaan jedhamtuudha. Akka yaada marii gareetiin argameetti, urjiin
buusaan jedhamtu karaa lamaan ibsamti. Kan jalqabaafi inni odeefkennitoonni irracaalaan irratti
waliifgalan tuuta urjootaa isa Afaan Ingiliziitiin ‘Scorpion Constellation’ jedhamuutu buusaan
jedhama isa jedhuudha. Gama biraatiin kanneen urjii diimtuu akka bakkalchaatti iftu tan ifni isii
diimaa ta’eedha jedhaniis ni jiran. Kanaas ta’e kaan, walumaagalatti, ummatichi hubannaa
xiinqaamawaa (astronomy) dur irraa jalqabee akka qabaachuu ture hubanna.

Yaaduma kanaan walfakkaatu kan biraa immoo ummatichi akka baroota durii dhaha (calendar)
mataa isaatti gargaaramaa tureefi beellamoota adda addaa wantoota adda addaarratt hundaa’uun
akka beellamachaa tureedha. Mee walaloo weedduu dikkoo fakkeenya—36 jalatti kennamte
waliin haa ilaalluu:

70
Fakkeenya—36

Ayaama siif qabee kee diydamii lamaa


Diydamni waa hin taane bultiin halku lama (Walaloo Lak. 81)
Walaloo kana keessatti gaaleewwan ‘ayaama siif qabe’, digdamii lama, digdamaafi halku lama’
jedhan eeramaniiru. Jechi ‘ayaama’ jedhu Afaan Arabaarraa kan ergifatame yemmuu ta’u hiikni
isaatiis ‘guyyaa beellamaa’ jechuudha. Jecha kana ummatichi ergifachuun beellama guyyaa
cidhaatiif itti gargaarma. Yaanni waliigalaa walalichaa ‘beellamni guyyaa cidhaa digdamii
lamatti qabame; garuu kun hin taanee digdamni irraa ka’ee halkan lama qofatti deebi’uu qabaata’
isa jedhuudha. Walalicha keessatti lakkoofsoonni digdamii lama, digdamaafi lama jedhan
lakkoofsoota guyyoota ji’aati. Kun immoo kan nutti argisiisu Oromoon akka dhaha mataa isaa
qabuufi dhahatti gargaaramee akka beellama walii qabaa tureedha.

Walaloodhuma kanaan walqabatee waa’ee ayaamaa odeefkennitoonni gaafatamanii akka itti


aanu kanatti deebii laatan:
Oromoon ayaama (beellama guyyaa cidhaa) kan qabatan karaa sadiini. Inni
tokko callee ilaaluudha. Inni lammaffaa immoo dhagaa naquudhaani. Kan
sadaffaa kitaaba ilaaluudhaani. Sababni ayaama ilaallataniif guyyaa gurbaan
tokkoofi intalti takka itti walfuudhan irratti hundaa’uudhaan bultiin hundaa’u
kun hegereen isaa murta. Bultiin tokko tokko keessatti abbaan manaafi haati
manaa arraataan waliif higalan, tokko tokko immoo waliigaltee
qabaatanilleehormaata namaafi sa’aa dhaban. Kaan immoo guyyuma
falfuudhan san irraa eegalee lameen keessaa tokko fayyaa dhabee usrata.
Kanaaf jecha ayaamni bareedaan laalamee qabatama (Odeefkennaa 9:
Afgaafii)

Walumaagalatti, ummanni Oromoo beekkoomsa xiinqaamawaa akka qabu, dhahatti akka


gargaaramaa tureefi ayaama karaa garagaraatiin qabachaa ture hubanna.

4.4.5. Rabbiin Tokko Ta’uufi Uumaa Keessatti Qooda Maleeykaan Qabu

Fakkeenya—37

Burtukaana Mojoo tokkootu qarshiidhaa


Tolchee si uummate maleeykaan arshiidhaa (Walaloo Lak. 143)

Yaada walaloo fakkeenya—37 jalatti kenname irraa akka hubannutti ummanni Oromoo iddoo
qorannoon kun irratti gaggeeffame jiraatan uumaa namaa bareechee uumuu keessatti
maleeykoonni akka qooda fudhachuu isaanii akka amanan argisiisa. Kana malees, ummatichi

71
maleeykaan uumama arshii yookaan hawaa keessa jiraatan akka ta’an amanuu isaanii
calaqisiifame.

Haaluma walfakkaatuun, walaloon fakkeenya itti aanu (fakkeenya—38) jalatti kennamte


ummanni Oromoo Rabbiin tokko akka ta’e amanuu isaanii akeekti. Mee fakkeenyicha haala itti
aanutti haa ilaalluu:

Fakkeenya—38

Fadisiifi Bokkoo amna guyyaa tokkoo


Eenyuttiin si dhiisa erga Rabbii tokkoo (Walaloo Lak. 141)

Walaloo kanaa oliirraa ummatichi Rabbiin tokko ta’uu isaa akka amanu hubanna.
Walumaagalatti, dikkoon ijaarsa ummata Oromoo calaqisiisuufi eenyummaa sabichaa
akeekuurratti ga’ee guddaa qabdi. Walaloowwan dikkoo kanaan olitti ilaallerraa horsiisni loonii
Oromoo biratti bakka guddaa akka qabu, sanyummaan yookaan hiddi latiinsaa gara abbaatiin
akka lakkaa’amu, sabboonummaafi hubannaa seenaa cimaa akka qaban, beekkoomsa
xiinqaamawaa (astronomy) akka qabaniifi dhahatti gargaaramaa akka turan, akkasumaaas
ummatoota biroo kanneen akka Somaalee: Iissaafi Affaar wajjiin hariiroo akka qabaachaa turan
hubanna.

72
BOQONNAA SHAN

5. GUDUUNFAA, ARGANNOOWWANIIFI YABOO

5.1. Guduunfaa
Qorannoon kun mata duree ‘Qaacceessa Weedduu Dikkoo Afwalaloo Yeroo Midhaan Daakanii{
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloorratti kan Xiyyeeffate’ jedhurratti gaggeeffame.
Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa afwalaloo dikkoo haala qabatamaa Godina Harargee Lixaa
Aanaa Xuulloorratti xiyyeeffateen xiinxaluudha. Kaayyoo kanara ga’uuf saxaxa qorannoo
akkamtaatuu filatamuun hojiirra oolfame. Haaluma kana bu’ureeffateen wixineen qoranicha
dhiyaatee erga raggaasifameen booda ragaaleen qorannichaa meeshaalee funaansa ragaalee adda
addaan sassaabamuun qoranichi gaggeeffamee gabaasni qorannoo kun qindaa’ee barreeffame.

Gabaasni qorannoo kun kutaalee gurguddaa sadiitti qoqqoodameera. Kutaan jalqabaa qaamduroo
(preliminary part) yemmuu ta’u inniif fuula matadureerraa eegalee unka mirkaneessaa,
axeeraraa, baafata, jibsoo, hiikkoo gabajjeefi tarreeffama fakkiilee ofkeessatti hammateera.
Kutaan inni lammaffaafii ijoo, qaamijoo (main part) yeroo ta’u kuniis boqonnaa tokko: Seensa,
boqonnaa lama: sakatta’a barruu, boqonnaa sadii: malleen qorannoo, boqonnaa afur
qaacceessaafi hiika ragaaleefi boqonnaa shan: guduunfaa argannoowwaniifi yaboo of keessaa
qaba. Kutaan inni maayyii qaamduubee qorannichaa isa tarreeffama wabiileefi dabaleewwwan
adda addaa of keessatti hammateedha.

73
5.2. Argannoowwan
Qaacceessa boqonnaa afur keessatti godhamerratti hundaa’uudhaan argannoowwan qorannichaa
tartiiba gaafiilee qorannoofi kaayyoolee gooree bu’ureeffachuudhaan akka itti aanutti
dhiyaataniiru:

 Adeemsa midhaan daakuu keessatti meeshaaleen hojiirra oolan kanneen akka dhagaa
daakuu, wullee (majii), waqartii, marmaaja, fooysoo, ramadaa, raroo (jilbee), qunnaa,
qoriifi killa yemmuu ta’an midhaan daakamu, darbaa, xuuxuu, ganaanafi qooshaanilleen
wantoota daakkiifi dikkoodhaan walqabataniidha. Gama biraatiin, adeemsi midhaan
daakuu dhagaafi wullee waqaruu, dhagaafi wullee (majii) dhiquun qulqulleessuu,
dhagaafi wullee qorsuu (gogsuu), dhagaa daakuu ramadachuu, marmaajachuu, dikkoo
weeddisaa midhaanicha daakuu… of keessatti hammata.
 Malleen dubbii walaloowwan dikkoo keessatti argamuu isaanii qorannichaan
mirkaneeffaman kanneen akka akkasaa (simile), qardoomaafi miti’ee (oxymoron and
paradox), haguugiinsa yookaan jedhoksaa (euphemism), fakkoommii (symbolism), cigoo
(jecha dacha), sagaleebi’iinsa (alliteration), daddeebi’iinsa jechootaa, gaafii qolaa
(rhetorical question)fi seenimiinsa (allusion) faa’a. Malleen dubbii kun walaloowwan
dikkootiif miidhagina ogummaa dabaluu, walaloowwan dikkoo akka salphatti
yaadataman yookaan qabataman taasisuu, walaloowwan ergaa gadi fagoofi hiika dacha
akka qabaatan taasisuufi akka walaloowwan kunneen hin irraanfatamne gochuun
sammuu hawaasichaa keessa tursiisuuf gargaaran.
 Ergaawwan yookaan qabiyyeen walaloowwan dikkoo kanneen akka jaalalaa ibsuu;
kulkulfannaa yaada jaalalaa ibsuu; dinqisiifannaa fi faaruu (jajiinsa); balaaleeffannaa,
qeeqaafi arrabsoo; dhaammannoo; gorsa laachuu; hariiroo hawaasummaa ibsuufi cimsuu;
roorroo ibsuu; hawwiifi fedhii ofii addeessuu; leeccalloo ibsuu;fi gammachuu ibsuu faa’a
irratti xiyyeeffatan;
 Afwalaloon dikkoo ijaarsa eenyummaa ummata Oromoo calaqisiisuu keessatti ga’ee
guddaa qabdi. Walaloowwan dikkoo ergaawwan olitti eeraman madditti Oromoon akka
jalqaba jireenyi isaa loon horsiisuurratte bu’ufeeffame; Rabbiin tokko ta’uu amanaa akka
turani; ummaticha biratti sanyummaan gama abbaatiin akka lakkaa’amu; ummatichi
sabboonummaafi hubannaa seenaa cimaa akka qabaachaa turan; Oromoon beekkoomsa
ganamaa xiinqaamawaa (astronomy) akka qabaniifi dhahatti akka gargaaramaa turan;

74
akkasumaas ummatoota olla kanneen akka Somaalee (Iissa) fi Affaar wajiin hariiroo
gaarii qabaachaa turan ni calaqisiisan.

5.3. Yaboo (Yaada Furmaataa)


Qaacceessa boqonnaa afur keessatti godhame irratti hundaa’uudhaan argannoowwan armaan
olittti (5.2. jalatti) tarreeffaman dhiyaatan. Argannoowwan dana irratti hundaa’uudhaan yaanni
furmaataa yookaan yaboon itti aanan kunneen qoratichaan laataman:

Hojiiwwan afwalaloo weedduu dikkoo badiinsarraa baraaran kanneen akka meeshaalee


midhaan itti daakan walitti qabuun godambaa keessa kaa’uufi walaloowwan dikkoo
yadaloo isaanii wajjiin waraabuudhaan suursagaleen yoomeessa isaa wajjiin kuusuun
dhaloota hegereetiif olkaa’uu bal’inaan hojjetamuu qabaata;
Qorannoowwan baay’inaafi gadi fageenyaan isa kanaan dura mataduricharratti
hojjetaman caalan qaawoota qorannoo hafan cufuuf itti fufiinsaan hojjetamuu qabaatan;
Dhaloonni ammaafi inni hegeree afwalaloo weedduu dikkoo kana dubbisanii hubachuun,
midhaan harkaan daakuun hafullee karaa yookaan mala weedduun kun badiinsarraa
baraaramee hawaasa keessatti bifa biraatiin (fakkeenyaaf sirbaan) deebi’ee dagaagu mala
dhawuu qabaatan;
Hayyoonni seenaa, ogeeyyiin aadaafi fooklooriifi qorattoonni, akkasumaas qaamoonni
dhimmi ilaalu marti

75
WABIILEE

Abarraa Nagaasaa.1995.Raagoowwan Oromoo. Qorannoo ulaagaa digrii lammaffaa. University


Addis Ababaa kan Hinmaxxanfamne.
Abdurahimaan Aliyyii (2017). Qorannoo Ulaagaa Digrii Lammaafaa ittiin guuttachuuf hojjetama
Yunivarsitii Finfinnee
Addunyaa Barkeessaa.(2011). Akkamtaa:Yaadrimee Qorannoo. Finfinnee: Far East Trading plc.
Amos, Punch,F.1982. Introduction to Social Research:Indian put L.td: NewDelhi Sage
Publication.
Assefa Tefera Dibaba 2015. Ethnographic History of Oromo Folklore Study: Cushitic Oromo
Nation: Ethiopia, Northeast Africa.PhD Thesis Submitted to Indiana University. Part I.
Aurelio, N., Espinosa. 1974. Encyclopedia of African Literature. Second edition.
Bascon, MC.G.2002.Glencoe Literature.The Reader Choice:NewYork,The United state of
America( course 4) :printed in The United State of America.
Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa.2006.Barruulee Qormaata Waaltina Afaan Oromoo,
Wiirtuu.(Jiildii 8). Finfinnee.
Biroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatti Garee Qu’annaa Afaan Oromoo.2004.Wiirtuu. Barruulee
Qormaata Waaltina Afaan Oromoo. Jildii 7.Finfinnee.
Bukegna.A.1994. Understanding Oral Literature.Nirobi Universty Press.
Charlie T., McCormick & Kim Kennedy W. 2011. Folklore: An Encyclopedia of Belief,
Customs, Tales, Musics and Arts. 2nd Edition
Charu D., Rogers. 2014. African Folktales.The Pantheaon Fairly Tale and Folk Library Ltd.
Clithia, W., Emily, N., Greg, G., Kathleen, M. & Natash M., .2014.Qualitative Research
Methods: A Data Collector‟s Field Guide. Family Health International Printing Press ,
Noth Carolina, ISBN: 0-939704-98-6
Clithia, W., Emily.2014.Qualitative Research Methods: A Data Collector‟s Field Guide. Family
Health International Printing Press , Noth Carolina, ISBN: 0-939704-98-6
Cohen S., Benjaamin. 2008 Characteristics of Folksongs.Teaching Pieces and
Arrangement.Cambridge University Press.
Creswell, R. (2014). Research design: qualitative, quantitative, and mixed methods

76
Dastaa Dassaalany. (2013). Bu’uura Qorannoo.Yuunvarsitii Addis Ababaatti barsiisaa, qorataafi
Bareessaa maxxansa lamaffaa printed: by far East trading PLC.
Denscombe, M. (2007).The good research guide for small scale social research project 3 rd
ed.Open University Press.
Dodsworth H. Graham .2007. The Nature of Folk Song In Australia: Origins and Transmission.
Dorson, M. 1972. (Ed.) Folklore and Folklife. Chicago: Chicago University Press.
Dundes, A. 1965.The Study of Folklore.Berkeley: Prentice-Hall, Inc.
Faayoo Qaadiroo. 2017. Xiinxala Shoobdoo, Af-walaloo Tumaa Midhaanii: Haala Godina
Harargee Lixaa Aanaa Xuulloorratti kan Xiyyeeffate.
Fedhasa Tarrafaafi Warra kaawwan (Gul).2013.Barruulee Qormaata Waltina Afaan Oromoo,
Wiirtuu,(Jiildii 9). Finfinnee:
Finnegan R .1970. Oral Literature in Africa. World Oral Literature Series, Open Book Publisher
CIC Ltd, United Kingdom
Fiqaadee Azezzee.1991. Introduction to Oral Literature. Addis Ababa: Institite for International
Cooperation of the German Adult Education Association IIZ/DVV
Geetachoo Rabbirraa .2008.Furtuu :Seer luga Afaan Oromoo.Addis Ababa: max.9ffaa.kuraz
International.
Gemechu Bekele. (2003). A study of major themes in game Sellected songs of Ifinesh Keno
Unpublished MA thesis, Addis Abeba University.
Georges R fi Jones M.O .2002.Folkloristics.An Introduction Bloomington and Indian Polis:
Indian University Press.
Georges, R. A and Jones, M. O. 1995.Folkloristics: An Introduction. Bloomington and Indiana
Polis: Indiana University Press.
Hossien, T. 2015. A Dictionary of Research Methodology and Statistics in Applied
Linguistics.Rahnama Printing Press, Tehran, available online
https://en.m.wikipedia.org/wiki/oral-literature.
Isaacs Georges, R. A and Jones, M. O. 1989.Folkloristics: An Introduction. Bloomington and
Indiana Polis: Indiana University Press.
Jaarraa W.B fi W,B.Yaadatee. 1999.Bantuu Haaraa.Finfinnee:Mana Maxxansaa enterprizii.
John, Cresswell, W.2005. Qualitative Inquiry And Research Design: Choosing Among Five
Approaches. 2nd Edition. Sage Publication, London
Kafyaaloo Ijaaraa .2016. “Qaacceessa Qabiyyee Mirriisaa Godina Harargee Bahaa Aanaa
Baddannoo” ( kan hinmaxxanfamne) MA Thesis, Yuunivarsitii Addis Ababa.
Liender, M. 1778. Folk Poetry: Literary Lexicon 32. Ljubljana DSZ
Lynne, H. Graham .2013.The Nature of Folk Song In Australia: Origins and Transmission.
MacEdward Leach. 2005. Understanding Oral Literature:Nairobi:Nairobi University Press.
Margaret, A., Margot, E. & Marayann, D .1997.On Writing Qualitative Research: Living by
Words. The Falmer Printing press, London. Available Adobe Reader Format ISBN 0-
203-45817-6
Melakneh Mengistu.2005. Map of African Literature. Addis Ababa: Branna Enterprise.
Misgaanuu Gulummaa.2011. Dilbii:Bu’uura Afoolaa, Ogafaaniifi Afwalaloo Oromoo. Finfinnee:
Mohammad Abdoo.2013. Dur Hennaa Gadaa: Yaadrimeewwan ogwalaloofi Kuufama
Walaloowwanii. Maxxansa 1ffaa, Mana Maxxansaa Kaliif, Dire Dawa.
Nandwafi Bukenya.A.1983. Understanding Oral Literature.Nirobi Universty Press.

77
Okpehewo, I., 1992. African Oral Literature: Background, Character, and Continuity.
Bloomington and Indianapolis: Indiana University Press.
Oring, River, J.R.1989. Fundamentals of Folk Literature.Oosterhout.Anthropological
Publication.
Sims, Kenneth .2005.Aguide for Worker in Folklore.Hatboro:Folklore associates Inc.
Steve, B., Devi. 1964. Content Analysis A method in Social Science Research. Research
methods for Social Work, New pp. 173-193
Taaddalaa Olaanaa. 2016. Qaacceessa Weedduu Lakkoo: Haala Oromoo Gaamoo Godina
Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa. Waraqaa Qorannoo digrii Lammaffaa.Addis
Ababa University.Hinmaxxanne.
Tasfaayee Doboc.2017. Qaacceessa Qabiyyee Darassii Qonnaan Bulaa Godina Harargee Bahaa
Aanaa Qarsaa. Qorannoo ulaagaa digrii lammaffaa.Addis Ababa University. Kanhin
maxxanin
Tasfaayee Dureessaa. 2013. “Qaaccessa Akaakuufi Geerrarsa Oromoo Haala GodinaWallaggaa
Bahaa Aanaa Limmuu.” YunivarsiitiiAddis Ababaa. (Kan hin maxxaffamne)
Thomson, Smith.1981. Folklore Standard Dictionary of Foklore my Theology and
legend.Newyork: Funk and Wagnall‟s Company.
Waterman, M. 1986.Folk Poetry: Literary Lexicon 32. Ljubljana DSZ
Zariihun Dirribaa .1992.Mirriiga Oromoo Harargee.Finfinnee:Mana Maxxansaa Artistik p.E.

78
DABALEEWWAN

5.4.Dabalee A: Tarreeffama Walaloowwan Dikkoo Qorannichaan Funaanaman


LAK. WALALOOWWAN DIKKOO IBSA WALALOOWWANII
Qab MD Madda
1. Koo dhagaan ni daakaa kee ni cillayfataa
Koo garaan si yaadaa kee na irraanfataa

2. Karaa karaa guddaa anuu dabree dabrii


Koo garaa jaalalaa anuu samree samrii
3. Way numaan darree malee ta wajjiin gangalannee
Sumaan yaade malee wajjiin waa dhalannee
4. Dikkoon dhagaa hin daaytu dhagaan daaku booyee,
Walitti qabee fide faradoo booyyee,
5. Qooshaa takkaan daakaa ta warra garaadaa,
Dura hindaddeeminii doofaan ni maraataa
6. Ani badee barii yaadaan gatee barii,
Yaada garaa kiyyaa duruun bade barii
7. Asii si darbanii daka si buusanii,
Kee heerumni hin geenyee jala si buusanii
8. Ayaama sii qabee kee diigdamii Lamaa,
Diigdamni waan hanee bultiin halku lamaa
9. An akkamiin tahaa akkam abbaa kiyyaa
Maal qabadhee dhaquu fuula Rabbii kiyyaa
10. Dukkana hin duulanii ji’a Baafatnii
Dubbii Nama dhibde amba gaafatanii
11. Boroodaa yaa ciisaa Burqaa yaa salaasaa
Silaa dhiira taatee tee mudhiin rasaasaa
12. Amaaruma jechuun warra shawaa jiruu
Islamuma Jechuun warra Makkaa jiruu
Bareenni akka keetii Rooma malee jiruu
13. Keenya Hirnoo Golaa golattuu golattuu
Malaan na jaalattuu akka koo hin godhattuu
14. Taaddasaa Ergaxee qawwee hunqaa godhee
Hundaa si jaalataa Rabbumaa sii godhee
15. Tilaninnaa Maxxaa laliituun halkanii
Garaa yaanni dhaane dirmammuu arkanii
16. Wayyaaleen na nyaattee tayfiin na darbitee
Akka garaa kiyyaa eenyutti na oobsitee
17. Yaa magaalaa Hirnaa nibraa timaantimii
Goofarii hin ilaalinii waa hin qabu saantimii
18. Ani boruun du’aa maal jettee naa boochaa
Waldhabaatu jiraa maal jetteetu naan ooddaa
19. Gaangeen haada kuttee fittuu gabaabsitee
Ta jirruu dhuftee yaadaan gabaabsitee
20. Jiinu bane jettaa irreessattuu laali
Waa na hin yaanne jettaa irree tiyya laalii

79
21. Wallisuun na dhibdee dhiisuun na marartee
Osoo akka jaalalaa fuutee naan barartee
22. Akkanaan goggodhaa godhii na goosisii
Kee guntutni lamaa tokko na hoosisii
23. Numaan dare malee daaraa gangalannee
Sumaan yaade malee wajji waa hin dhalannee
24. Fitawraarii Takleen raareen raada bite
Wal jaalachuun hamtu yoo wal yaaduun hafte
25. Fitawraariin aree qallaa gamatti jaaree
Suufa mana kaaye ka hiyyeessi daare
26. Gaarana gaar sadii gaallee kudha sadi
Siifi na dhaananiii arratti gaaf sadii
27. Dila akkanatti roobu dhagaa jalaan jiraa
Dila waa yaaduu qindii Hirnoo golaa hin duunee niin jiraa
28. Gaggabee na hin qabnee kufee na hin dhaqabnee
Namaan asii hin qabnee kan onnee na hin qabnee
29. Baabur bustaan dhufee ka hula saddeetii
Saaddeettanuu seenee barbaaduma keetii
Barbaadeetiin dhabee loosha likkii keetii
30. Hoolaa adal qoollee ka wal malee oollee
An akkamiin tahaa ta simalee bullee
31. Haraashiin haa qottuu koottu abbaa dibootaa
Naa simalee ja’e diddee at akkam na gootaa
32. Waa bar hin dulloomnee qooqaa na barrisaa
Waa wal dhabaa mitii wal dhabaan farrisaa
33. Are Assabee ciroo mana gimjaa beetii
Warra dachii qotu mangistiin ni feetii
Mangistii akka keetii, way yaa qeerroo kiyya, too lubbuun si feetii
34. Gammoojjiitti qoree huffeen qonna’n taanee
Silaa siifiin kennaa nabseen kennaa taanee
35. Ituun hattuu gubaa
Eega siin wal dhabne qalbii nattuu gubaa
36. Way an haadaan fooyaa qallisi maa jennee
Si yaadeetiin booyaa callisi maa jennee
37. Ayyoon tiyya lamaa takka maqaan Caalii
Caaltuu tiyyaa dhufee mee gad bahii laalii
38. Gaangeen Hassan Muussaa Saabuni Saabunii
Rakkoo sii naaf beekaa ayyoo tiyya naa buli
39. Achiin qaare malee tulluu cillaayfannee
Irraan qaare malee obboleettii too waa si hin irraanfannee
40. Abbiyyoon naan lolee haa lolu Abbaa kiyyaa
Ati maa naan lolta ta hiriyaa tiyyaa
41. Ayyaan dhablee mukaa doobbiin jalaan baatee
Ta ayyaana hin qabne jaartiin Ibroo Muussaa Deega siitti baatee
42. Okkotee danfii waaniin daakeen marqaa
Yaa tuulluu gad godhuu ayyoo tiyyaan arkaa
43. Numaan gabaabbadhee dhagaarraan dhaabbadhee
Numaan qophoommadhee qindii ayyoo tiyyaa
Waan duriin yaada dhee
44. Dhakaan daakuu cabee wullee yaanni qabee
Akka wullee sanii yaanni kee na qabee
45. Kee abbii deemee Baabbo jiraa dhabee
Siifiin leeylii deemaa dallaya caccabsee
46. Bishaan keeysa galtii maal nyaatti waakkalleen

80
Hedduulleen jiraattu si hin geessu takkalleen
47. Bishingaa hanniyyaa firiin takka tiyyaa
Ganamaan dhufte qindiin lamaan tiyyaa
48. Ani fayyaan tiyyaa loon irraa maysii
Gororri kee deeymaa harkaratti naa beeysii
49. Hiddatoo biroo sin naggadaa mitii
Yoo diroon gammaddee siin gabbaraa mitii
50. Aabboon buna dhaabee muka firii qabnee
Suma qofaan arkee nama xurii hin qabnee
51. Gaara kana gubbaa gombosiin magartee
Obbolee ilmaan ayyoo yoom takkaa wal gantee
52. Hiddiin hidda qabduu mee buqqisii laalii
Keenya hirruu qabuu tarree galchii laalii
53. Bishaaniin waraabaa osoo fardi hin dhuuynee
Galgalaaniin dhufa osoo ati hin muuynee
54. Hogguu akkanatti koflu jirma qoraa barii
Yaanni garaa keessaa nama dhoraa barii
55. As ol irri hurree koottu irra firfirsii
Namaan jibbuun arkee ijji na dhukkubdii
56. Dhagaa lama darbii tokko irra fageessii
Namlama Jaaladhuu ana irra jabeessii
57. Asii asrii kaanee dhiitee karaa bullee
Na sossobde malee atuu garaa murree
58. Bishaan bishaanumaa adiin waa hin jiranii
Jaalatan tokkumaa qalbii waan hiranii
59. Manaan guddaa jaaree keessaan badaa mitii
Osoon guddoo qabuu du’uun badaa mitii
60. Goojjoon caayaa dheeraa karaa Mulluu
Osoo akka jaalalaa nu wal malee bulluu
61. Koottu koottu jettaa mee na hin yayyaaminii
Jiraadhu teetumaa duuti na saaminii
62. Shuumoo bulteen nyaadhee beela moo hiyyumaa
Sheenaa kutteen yaadee ana moo biyyumaa
63. Abbaan kiyya duulee jaarsummaan guddaanii
Adda nu’n baasinii Rabbummaan guddaanii
64. Suguyyaan maal qaltii fooni qaanxeessitii
Wanni akka hin qabne nama qaaneessitii
65. Aannan ra’ee Iissaa nama maraachanii
An si jalaan hafu nallee halaalchanii
66. Dhedheeraa gos lamaa leeyman waleen nyaattee
Siifiin leeylii deemaa waa sareen na nyaattee
67. Ajjeeseen kormumaa dheeyseen bar luuynumaa
Heerumteen gurrumaa sadoon dubroomumaa
68. Weellisaan dheebotee beeysaa areerratee
Kan addaan nu baase dilii haleellatee
69. Abboon gabaabaa gabaabaa moluu
Qalbiidhaan na dhufee bariisaa boruu
70. Numaan gabaabbadhee dhagaarraan dhaabbadhee
Numaan joollummadhee waan duriin yaadadhee
71. Qalamshiishaan hodhaa gundoo marsaa shanii
Qurbee jaboo qabaa qallaa hula shanii
72. Galamsottiin deemaa galu sirraan goraa
Nadha baaftuu tiyyaa tan gororri dharraa
73. Ala bishaan horaa calleen narraa cittee

81
Shananaan diradhaa eega ati naaf dhufte
74. Gaara kana gubbaa’ citaan birki birkii
Maal jettee natti dhaamtee, wanni cittoon milkii.
75. Issa hoolaa hin qabuu re’oota yaafataa
Dura hin daddeeminii gowwaan ni maraataa
76. Qooshamii qooshamii qooshaa beerri daaytuu
Qoomamii goomamii daafa dubra yaatuu
77. Kan ittumaan dhiisaa mugee gadiin ciisaa
Akka nama du’ee kee maqaa nin dhiisaa
78. Hoggaa Ciroo buutuu nibraa timaatimii
Goofaree hin laalinii in qabu saantimii.
79. Ituu guddoon baabboo Gaadullaan galaalchaa
Koottu waliin gallaa dammaan siif xalalchaa.
Dammilleen bishaanii saayyaaniin si galchaa.
80. Alagaa kabalee harki na hin laalannee,
Aayyoo na deessellee , hanga kee hin jaalannee.
81. Jiini hin banne jettaa kan na gubuu ga’ee
Na hin jaalattu jettaa kaaniin du’uu ga’ee
82. Gaafan dur ijoollee dirree loon tiysee
Hangan kaarruu keetii dukkanallee ibsee
83. Roobni roobee roobee Harargee balleessee
Looshaa Rabbiin uumee alangee fakkeessee
84. Qalamshiishaan hodhaa safii niin ottobaa
Gowwaa akka hin qabne qabeetiin sossobaa.
85. Mata-qomaa lagaa bubbeen walaawwaltee
Kan kaadhimaa doofaa dachiin garagaltee
86. Geeyle gubbaan mukaa jalaa garbuu mugaa
Doofaan afaan mukaa osoo hin nyaanne mugaa.
87. Hamartii gowwaa taguugattiin naqee
Hamartii haaqilaa quba koottiin naqadhee.
88. Aalaa ooyruu teenyaa, wajjiin nyaannaan se’ee
Takkittii baranaa wajjiin baanaan se’ee.
89. Yaa karaa gooroo, dheeraa dhumii qabnee,
Yaa garaa jaalalaa, gowwaa sabrii hinqabnee.
90. Anniyyaa achi gadii looniin bulchaa jirraa
Yaada keessan malee nu nagayaa jirraa.
91. Bishingaan nuu tolee nuu qaxaruu dide
Koo garaan sareedhaa naa sabbaruu didee
92. Billawa aabboo, shukkaa akaakoo.
Silaa numa boonaa, loontu gabaaboo.
93. Aabboon gabaabaadhaa, jilbatti naa bu’aa,
Silaa siin liqimsaa, hudhameetiin du’aa.
94. Alagaa kabalee, harki na hin laalannee,
Ayyoo na deesssellee, hanga kee hin jaalannee
95. Minaamminoo Dooyyoo, qonxar firii hin qabuu,
Siifin subii deemaa, du’us gumaa hin qabuu.
96. Iddoo mana duubaa, naadhaabi shunkurtaa,
Faaya morma keetii, naa yaasi kulkultaa.
97. Burjaanni hin dulloomu citee baduu malee
Cite sirraa hinhafuu hiriyaa tee malee
98. Ani abbaa hinqabuu numaan hiyyeettii
Kaniin aaddee qabu numaan dureetii
99. Gaafan dur ijoollee,dirree loon tiksee.
Hanga’aan kaarruu keettii, dukkanallee ibsee

82
100. Cululittiin ayree daaytuu garba daaytuu
Ijji tan tee kuula tani namaan laaltuu
101. Kuula dhahaa tolchaa, handaaraa miidheysaa,
Uumaa Rabbii tolcha, naamusaa miidheysa.
102. Sareen hirpha hin qabduu mucucaattee hin kuftuu.
Hojiin warraa hin dhumtuu, hulaa cufee hin dhuftuu
103. Gaara kanaan gubbaa gufuun gugguuttee
Niin bareeda jettaa xuriin si kukkuttee,
104. Nu shuumoo affeellee shuumoo atarootaa
Eeysaa nurra buuse eeysumman gabrootaa
Shanyii faradootaa,
105. Mataa mammartanii qajjiisa footanii
Ifii waltaatanii ana amba gootanii.”
106. Muudana muudana buute gaangeen lamaa
Waa ta durii mitii buute dubbii namaa
107. Dhagaan ka waa daakuu,dhagaan waa hin daakne maali?
Garaan ka waa yaaduu kan waa hin yaadne maali?
108. Dhagaan numa daakaa siitu itti hin daakinii
Garaan numa yaadaa siitu itti yaadinii.
109. Saakayyoo ullulaa qilleensaa lullulaa
Muciyyoo guntutaa warri maaf gurguraa.
110. Fadisoon gaariidha bishaantu qaaliidha
Lamaan waljaalate waljibbeen qaaniidha.
111. Geeyleen koree laalee daadu qabrii hin qabuu
Ittiin rafee laalee garaan sabrii hinqabuu.
112. Anniyyi torbumaa Meettaan saddeetumaa
Kudha lamaan Alaa jiraan abbeetuma.
113. Koo mataan luuccaadhaa naa filamuu didee
Kee garaan joolleedhaa naa sobamuu didee
114. Obboleeysi kan kee, ka duutuu si dhaaluu,
Biyyee sitti deebisee, deebi’ee si hinlaaluu.
115. Karaan Adareedhaa, karaa namaa hintaanee,
Adeerri aantiidhaa, abbaa namaa hintaanee,
Silaa numa tahaa, namumaafi hin naanee.
116. Muyraa callesanii daaroota guutanii
Dubroo dhagaa daakkii dikkoo hin dhageesanii.
117. Burjaana kaayyadhuu lootii naa baafadhuu
Koottu dhagaa daakkii hiriyaa gaafadhuu.
118. Diddiimtee dannabaa shankoorri itti hin tolle
Shankoorri akka teetii heerumattuu hin tolle,
119. Uluulloo gobeensaa aaddee tiyyaa qabaaa
Jaalalaan si jaallu Rabbii quba qabaa
120. Saakayyoo ullulaa, qilleensaa lullulaa,
Muciyyoo guntutaa, qarri maaf gurguraa.
121. Mana jaaruu hin beekuu, dallawa naa wayyaa,
Waldhabuu hin dandeenyuu, walbira nuu wayyaa.
122. Hiituun na hinhiinee yoo sabbataa malee
Dhiitee naa hinbariinee yoo si biraa malee
123. Mee hibboon ja’aa hibbakka naan ja’ii
Waa nan jalaattuu afaanii baafadhuu siin jibba naan ja’i
124. Muka mukaa olii Shakaawa shukaawaa
125. Saakayyoo naa murii urgooytuu abbeetii
Eeysumaa argamti looshni akka teetii
126. Dunfuree iyaasuu gubbaarra qeeranii

83
Naafii iyaasuun sunuu ilmaan adeerranii
127. Qacaaciluu qaccee yaa filaa dardaraa
Aayyoon dubra hin qabduu galuufiin jarjaraa
128. Dorrobaan muummichaaa bunaan cabsee mitii
Waan kabajaa dhabaa siin arrabsee mitii.
129. Dunfuree Iyaasuu filaan keessa loohaa
Dunfuree doofaa ‘mmoo tiitichi irraa goohaa
130. Jiboonni wal a’e koottu abbaa jibootaa
Eessaa as dhaabbatta yaa zangii silootaa
131. Qacaaciluu qaccee lookoo morma lootii
Takkuma naan kofli kaarruu aanan loonii
132. Ibiddaan bobeessaa daaraan barbadeessaa
Hixrii dhumii hin qabne tan ruuzaan wal keesaa.
133. Jiini guddaan seenee buusan urjii malee
Eenyuu si fakkaataa Mootii Turkii malee
134. Silaa lagaan dhaqaa laga karaa hin beekuu
Silaa dubraan faarsaa dubra maqaa beekuu
Taniin maqaa beekuus obboleeysa hin beekuu
135. Saakayyoo naa murii ta dhaabbannoo taatuu
Takkuma naan koflii ta dhaammannoo taatuu.
136. Urruubsuu ni beeytaa numa walaawwaltaa
Wanniin sirraa jibbe numa alaanalta.
137. Aabboon na kabalee karra na ceesisee
Quduraa jaalalaa suma na feesisee
138. Aabboon gabaabaadhaa darban malee hin kufuu
Anuu shanyiin isaa yaamaan malee hin dhufuu
139. Eeysuman koo beeytaa kan jiraa Gutayyuu
Waan na goote beeytaa hangaan jiru hin fayyuu.
140. Eeysumman koo Raamaa eenyumaa naa yaamaa
Eeysuma yoon je’e owwi narraa dhaamaa.
141. Fadisiifi Bokkoo amna guyyaa tokkoo
Eenyuttiin si dhaamaa eega Rabbi tokkoo.
142. Muka gaara kanaa gaalleen daddabduudhaa
Dila joollee keeysaa sumaa na jabduudhaa
143. Burtukaanni Mojoo tokkootu qarshiidhaa
Tolchee si uummatee Maleeykaan arshiidhaa
144. Koottu koottu jettee mee na hin yayyaaminii
Jiraadhu niin dhufaa duuti na hin saaminii
145. Anniyyatti’ dhaladhee Mayyuttiin guddadhee
Jaalalaa jibbanna eenyuttiin dubbadhee
146. Anniyyaa loon qabaa loontu jabbii qabaa
Qarxaasa hin moofoyne siitu harkaa qabaa
147. Barbareen Amaaraa diimatte akka foonii
Gadheen wallee hin beeyne gadoodde akka loonii
148. Ees qamadii qonnee daay tokkollee taatu
Harka walii nyaannee guy tokkollee taatuu
149. Baddeessaa lagarraa qallaa laga gamaa
Qalloo akka qalamaa mormi taakkuu lamaa
150. Yoggaa jiini hin jirre urjii takkaa ibsaa
Leeylii badii koottu lubbuu Rabii tiysaa.
151. Ashiitaan ashiittee ta iddoo abbeetii
Qilleensaa natti fidee shittoo morma keetii.
152. Ani looniin tiysaa loon loonirraa maysii
Kee gororri deymaa harkarratti naa baysii.

84
153. Re’een teenya baddee qaxammee jalatti
Qarxam na haa godhuu morma kee jalattii.

154. Keenyattiin gufadhee keeysan geenyaan kufee


Duriin dhufaa mitii si dhageenyaan dhufee.
155. Hugguu gamaa bu’uu kutaa walaq godhee
Hogguu mooraa seenu kuffii qaxax godhee
Yogguu booroo kutu birrii shakam godhe
156. Dunfuree iyaasuu gubbaarra qeeranii
Naafii iyaasuun sunuu ilmaan adeerranii
157. Adaree biyyoo biyyoo mugutii
Obboleessi kee qallaa shugguxii
158. Aadam Abdusabuur biyyee irra tuulanii
Osoo akka jaalalaa suma naaf shuumanii
159. Xaafii facaafannee ni takkatte malee
Qaadhimaa ni qabnaa ni batattee malee
160. Adeeroo naaf yaamii marii tana finnaa
Abbiyyoo’n yaaminii marii tana dida.
161. Dorrobaa’n fidinii waan maallaqa fixaa
Abuyyadii bitii waan walitti nu fidaa
162. Hawwisoon maal jetti gadheen maal hamattii
Qotaa gadhee sanii naa baasi hamarti
Yoo gadheen waa jette, jirma kootiin natti
163 Jiini garbuu hin goysu numa shaakarreessaa,
Hamaan dubbii’n dhoysu waliin nu balleessaa
164 Ani fayyaa’n qabuu dhukkubaas hin qabuu
Dhukkuba jaalalaa, yaada wayyaa hin qabu,
165 Barbareen diimatte e akka foonii
Gawwaan wallee hin beeyne gadoode akka looni
166 Bishaaniin waraabaa Nooleen bishaan fixxee,
Ahmad Alii dhorki roorroo biyyya fixxee,
167 Afaan numa afaadha afaan warra Saphaallee
Afaan gaariin afaanii afaan afaan hincaallee
Afaan keessa wal eeyna afaan walii wallaallee

5.5.Dabalee B: Tarreeffama Odeefkennitoota Qorannichaa


LakkoofsaAddaBaasaa O d e e f f a n n o o O d e e f k e n n a a / n i t u u M/F/Ragaa
Maqaa Guutuu Umrii Saala Araddaa Ganda Hojii

85
Odeefkennaa 01 Kadiyyaa Ahmad Sa’id 55 Dub Kira Kufis Noolee Haadha Manaa Afgaafii
Odeefkennaa 02 Shariif Abdallaa Mohaammad 67 Dhi Tarkaanfataa Caffee Daldalaa Afgaafii
Odeefkennaa 03 Abdulwahaad Ahmad Soomanee 48 Dhi Odaa Nagayaa Baabboo Qonnaan Bulaa Afgaafii
Odeefkennaa 04 Aamminaa Umaree Mulataa 75 Dub Ifabaas Gadaa Sooramtuu Afgaafii
Odeefkennaa 05 Faaxee Abdallaa Yuuyyee 66 Dub Lubbu Dhaqab Midhayduu Haadha Manaa Afgaafii
Odeefkennaa 06 Nafiisaa Aliyyii Aadam 60 Dub Tarkaanfataa Caffee Qonnaan Bultu Afgaafii
Odeefkennaa 07 Moominaa Kuuloo Hassa 45 Dub Ifabaas Jaarraa Haadha Manaa Afgaafii
Odeefkennaa 08 Deeynabaa Abdallaa Umar 50 Dub Lubbu Dhaqab Waleensuu Haadha Manaa Afgaafii
Odeefkennaa 09 Haawee Ammee Yuusuf 49 Dub Odaa Nagayaa Ussoo Haadha Manaa Afgaafii
Odeefkennaa 10 Idiris Abduu Aliyyee 72 Dhi Kira Kuffis Lagabooyyee Sooramaa Afgaafii
Odeefkennaa 11 Nuuree Sa’idoo Ahmad 67 Dub Kira Kuffis Noolee Afgaafii
Odeefkennaa 12 AbdurahimaanMaamudaaAbdullee 39 Dhi Odaa Nagayaa Daadhii Afgaafii
Odeefkennaa 13 Makkoo Mohaammad Aadam 53 Dub Lubbu Dhaqab Midhayduu Haadha Manaa Afgaafii
Odeefkennaa 14 TaaddasaaMangalshaaW/Tansaay 58 Dhi Odaa Nagayaa Daadhii Haadha Manaa Afgaafii

Odeefkennaa 15 Abdusabuur Ammadee Alii 46 Dhi Odaa Nagayaa Daadhii Afgaafii

Odeefkennaa 16 Jamaal Husseen 43 Dhi Hirna 01 Barsiisaa Afgaafii

Odeefkennaa 17 Masfin Warqaalammaaw 46 Dhi Hirna 01 Barsiisaa Afgaafii

Odeefkennaa 18 Aliyyii Mohaammad 39 Dhi Afgaafii

Odeefkennaa 19 Afgaafii

Odeefkennaa 20 Afgaafii

Odeefkennaa 21 Afgaafii

Odeefkennaa 22 Afgaafii

Odeefkennaa 23 Afgaafii

Odeefkennaa 24 Afgaafii

Odeefkennaa 25 Afgaafii

5.6.Dabalee C: Gaafiilee Afgaafii Gamisaan Caaseeffaman


YUUNIVARSITII MADDA WALAABUU

86
MUUMMEE BARNOOTA AFAAN OROMOOFI OG-BARRUUTTI
YUUNIVARSIITII
Qorannoo Itti Guutiinsa Digrii Lammaffaa Barnoota Afaan Oromoo Irratti Gaggeessuuf
Gaaffilee Afgaaffii Manguddootaafi Haadholiif Dhihaatan
Waa hunda dura gaaffilee qorannoo Weedduu Dikkoo irratti gaggeeffamu kanaaf raga naaf
kennuuf tole na jechuu keessaniif guddaan isin galateeffadha.Ragaan isin naaf kennitan qorannoo
gaggeeffamu kanaaf murteessaafi filannoo koo isa guddaa waan ta’eef yaada keessan hanga
danda’ametti yaadachaa tartiiba qabsiisaa naaf ibsuuf yaalaa.
Maqaa_________________________________Umrii ________Araddaafi Ganda________
Guyyaa afgaaffiin itti gaggeeffamee___________ hamma turtii daqiiqaan_______________
1. QABIYYEE YOOKAAN ERGAA WALALOOWWAN DIKKOO
1.1. Irra caalatti, ergaan yookaan yaanni dikkoodhaan dabarfamu maalirratti xiyyeeffata?
1.2. Walaloowwan dikkoo keessaa kan waa’ee hawaasummaan walqabate kan akka jaalalaafi
kkf ibsu ni jiraa?Jiraannaan mee walaloo isaa naaf alalaasaa/ weeddisaa.
1.3. Dikkoodhaan gammachuufi gadda haalli itti ibsatan ni jiraa? Jiraatu walaloo dikkoo sanii mee
naaf jedhaa.
1.4. Walaloowwan dikkoo tan beelaafi quufa yookaan badhaadhinaafi gadadoo ibsitu jirtii?
Yoo jiraatte mee hamma beeytan natti himaa?
1.5. Dikkoodhaan halli cunqurfama yookaan miidhama ofii itti ibsatan jiraa? Yoo jiraatte,
walaloowwan dikkoo qabiyyeewwan akkasii qaban naaf himaa.
1.6. Dikkoon nageenya, fayyaafi sadoo ibsuuf tajaajiltu jirtii? Jiraannaan naaf alalaasaa.
1.7. Walaloon dikkoo goota, carraaqataa, sooreessa yookaan nama beekkamaa faarsitu jirtii?
Yoo jiraatte walaloo isii naaf alalaasaa.
1.8. Dikkoodhaan masluufa, lugna yookaan dabeesa (dabbeessa) ittiin qeeqan hoo? Mee
akkam jedhan?
1.9. Walalooowwan dikkoo keessa tan miidhagina uumamaa yookaan bareedina namaa
dinqisiifachuuf ooltu tan beektan qabdanii? Naaf himaa?
1.10. Dikkoon midhaan, qabeennya yookaan beeylada ittiin faarsan hoo?
1.11. Walaloowwan dikkoo keessa tan eenyummaa saba Oromoo calaqqisuurratti fuulleeffate
tan beektan qabdanii?
1.12. Weedduu dikkoo tan biro tan beektan hunda naaf himaa.

87
5.7.Dabalee D: Tarreeffama Gaafiileefi Qabxiiwwan Ijoo Marii Garee
I. Yaada Seensaa

Hunda dura waamicha kiyya kabajjanii marii garee isin wajjiin gaggeessuuf karoorfadeef
hayyamoo taatanii asitti naaf argamuu keessaniif kabajaafi galanniin an isiiniif qabu guddaadha.
Walbaruudhaaf maqaan kiyya Tashoomaa Nigaatuu jedhama. Mana Baruumsaa Sadarkaa
Lammaffaa Hirnaatti barsiisaa Afaan Oromoo yemmuu ta’u Yunivarsitii Madda Walaabuutti
barataa digirii lammaffaati. Dhuma barnoota digrii lammaffaatti qorannoo eebbaa gaggeeffamuuf
mata duree ‘Qaacceessa Dikkoo Afwalaloo Yeroo Midhaan Daakanii’ jedhu filadheetiin ragaalee
qorannichaaf barbaachisan funaanuuf marii garee kana akka goonuuf isin waame. Jalqabarratti,
maqaa, teessoo, umriifi hojii keessan erga natti himtan booda gara gaafiifi qabxii ijoo marii
kenyaatti dabarra.

II. Qabxiilee Ijoo Marii Garee

MAALUMMAA,YOOMEESSA, HIRMAATTOOTAAFI ADEEMSA WEEDDUU


DIKKOO

1.Dikkoon maal akka ta’e natti himuu dandeessuu?

2.Erga dikkoon akka natti himtan kana ta’e maaltu dikkoo weedduu hojii kan biro kan akka
darassii, shoobdoofi hooyleetiin adda taasise?

3.Weedduun dikkoo yookiin dikkoon yeroo akkamii weeddifama?

Weedduun dikkoo eesatti weeddifama?

4.Hirmaattoonni dikkoo eenyu akka ta’e koorniyaa, umriifi sadarkaa hawaasummaatiin addaan
baastee odoo naaf himtee.

5.Weedduun dikkoo haala kamiin eegala? Akkaataa itti eegalan kan adda ta’e qabdii?

88
6.Nama dikkoo weeddisu namni dhaggeeffatu nama weeddisuun waan jedhu qabaa? 7.Moo
callisee dhaggeeffata? Yoo waan jedhu qabaate, wanti jedhamu san maali?

8.Meeshaalee daakkii midhaaniitiif oolan dabalatee kanneen dikkoo wajjiin walqabatan natti
himuu dandeessaa?

9.Akkamitti weedduu dikkoo weeddisuun xumurama? Yeroo midhaan daakuu raawwataniifi


dikkoo weeddisuu dhaaban wanti jedhamu jiraa? Yoo jiraate maali?

10.Weedduun dikkoo adeemsa ofdanda’e kan mataa isii qabdii?

III. Gaafannoo Walaloowwan Dikkoorratti Xiyyeeffatan


1. Walaloon dikkoo takka akka itti aanu kana jetti:
Ayaama siif qabee kee diydamii lamaa
Diydamni waa hin taanee bultiin halku lama
 Ergaan (Dhaamsi) walaloo tanaa maali? Hiikni isii maali yookaan maal jechuu
isiiti?
 Oromoon dur akka dhaha mataa isaa qabu beekkamaadha. Ayaamni akkamitti
qabama? Maaliif qabama?
 Maaliif walaloo tana keessatti diiydamni hin taanee bultiin halku lama jedhame?
 Kanaan walqabatee wanti biraa kan naaf himtan yoo jiraate ibsuu dandeessan.
2. Keenya Hirnoo golaa golattuu golattuu
Malaan na jaalattu akka koo hin godhattuu
Walaloo jettu keessatti:
 Dhaamsi (ergaan) walaloo tanaa maali?
3. Taaddasaa irgaxee qawwee hunqaa godhee
Hundaatu si jaalataa Rabumaatu siif godhee
 Taaddasaa Irgaxee Eenyu?
 Maaltu afwalaloo keessatti akka argamu godhe ?
 Maaliin beekkame ?
4. Jiini hin bane jettaa irreessattuu laalii
Waa na hin yaanne jettaa irree tiyya laalii
 Yaanni Walaloo tanaa maali ?
 Walaloo tana keessatti “Irreessa laali” yoo jedhu irreessa itti irreeffatan baanaa ?
yoo akkas tahe Oromoon naannoo kanaa dur ni irreeffata jechuudhaa?
5. Hoolaa Adal gollee kan walee oollee
Si malee niin oolaa an akkamiin taha kan simalee bullee
 Affaariifi Oromoon hangam takka walitti dhiheenya qabuuf Afoola Oromoo
keessatti ka’uu danda’e
6. Gaangee Hassan Muussaa saabuni saabuni
Siitu rakkoo naaf arkaa Ayyoo too naa buli naa buli

89
 Hassan Muussaa kan ja’ame kun eenyu akka tahe beekuun danda’amaa?

7. Aannan re’ee Iissaa nama maraachanii


An si jalaa hafu nallee maraachanii
 Aannan ra’ee iissaa maaliif nama maraacha jedhame ?
 Hariiroon ummanni Oromoo Hawaasa Soomaalee gosa Iissaa waliin qabu kan
akkamiiti?
8. Karaan Adareedhaa karaa namaa taanee
Adeerri aantiidhaa abbaa numa taanee
Silaa numa tahaa namumaaf hin naanee
 Karaan adareedhaa karaa namaa hin taanee jechuun maal jechuudha?
 Silaa numa tahaa ;namumaaf hin naanee.maal jechuudha?

Dabalee E: Tarreeffama Fakkiilee Qorannichaa

FAkkii 11: Mariin Garee A Yeroo Taasifamu (Adooleessa 2023 Qoratichaan kan Kaafame)

90
Fakkii 12: Mariin Garee B Yeroo Geggeeffamu (Adooleessa 2023 Qoratichaan kan
Kaafame)

Fakkii 13: Mariin Garee C Yeroo Gaggeeffamu (Ammajjii 2023 Qoratichaan Kan
Kaafame)

91
Fakkii 14: Mariin Garee D Yeroo Gaggeeffamu (Ammajjii 2023 qoratichaan Kan
Kaafame)

Fakkii 15: Yeroo Afgaafiin Gaggeeffamu –01 (Ammajjii 2023 Qoratichaan Kan Kaafame)

92
Fakkii 16: Yeroo Afgaafiin Godhamu-02 (Ammajjii 2023 Qoratichaan Kan Kaafame)

93
Fakkii 17: Afgaafii Yeroo Gaggeeffamu 03 (Ammajjii 2023 Qoratichaan kan Kaafame)

Fakkii 18 : Yeroo Afgaafiin Gaggeeffamu 04 (Ammajjii 2023 Qoratichaan Kan Kaafame)

94
Fakkii 19: Yeroo Afgaafiin Gaggeeffamu 05 (Ammajjii 2023 Qoratichaan kan Kaafame)

Fakkii 20: Yeroo Sakatta’a Barruu Gaggeessuuf Kitaabban Wabiilee Sonamu (Ammajjii
2023 Qoratichaan Kan Kaafame)

95
Fakkii 21: Meeshaalee Midhaan Daakkiif Tajaajilan (Ammajjii 2023 Qoratichaan kan Kaafame)

Fakkii 22: Yoomeessa Dikkoo (Ammajjii 2023 Qoratichaan Kan Kaafame)

96
97

You might also like