You are on page 1of 6

Hiibboo Deebii

Yoo tuqan ni boo’a Adaamii

Yoo nyaatu ni fayyaa yoo dhugu ni du’a ibidda

Yoo loo’u akka bofaa, yoo taa’u akka dhagaa Dabaaqulaa

Yoo haadduun murtees godaannisa hin qabu Bishaan

Yoo ergan ni fagaatti yoo waaman ni dhiyaatti Bilbila

Yoo dhalu nama dheessa erga dhale ilma dheessa Namaa fi Udaan

Yoo bahu mana ilaalaa yoo galu ala ilaala Gaafa re’ee

Wajjumaan nyaannaa maaf huqqata Fal’aana

Uleen abbaan koo naaf kenne hin cabduus hin dabduus Maqaa

Ulee qal’oo qabatee farda sadi yaabbate Distii/Marqaa

Ulee gantuu mataan gadi jedhe Ookkoo

Ulee awwaalarraa bareeddeef hin muratan Obboleettii

Tokko ni deemna jedha, Tokko ni dhaabbanna jedha, Tokko ni teenya jedha Bishaan, Muka, Dhagaa

Tokko ganama jibba Tokko gagala jibba Tokko ganna jibba nama liqiin irra jiru, ka niitiin qoccoltu,
kan manni dhimmisu

Sulula qal’oo araddaa bal’oo Qoonqoo

Soba dhugaa fakkaatu Abjuu

Shaa jettii shanbaa jettii harkaan nan tuqin jettii Doobbii

Shaa jedhe hin dhangala’u Eegee fardaa

Sangaan gaafa dalgee bookkisaa gadi darbe Xiyyaara

Sangaa gurraachi bosona keessa deema injiraan

Sabbata aayyoo maree mareen dadhabe Karaa

Re’een maraatte abdola afuufti Buufaa tumtuu

Qotiyyoon abbaa kiyyaa eegee qaban malee hin qottu Maqasii


Qamadii garaa jalaa bokkaan hin tuqu Harma sa’aa

Osoon kolfuun gubadheAkaayii/Akaawwii

Osoon kaadhuun wanta adii gatee darbe Hancufa

Osoo boossuu kofaltii osoo haatuu mar’atti Majii

Ooyiruu guddaa baaqelaa facaase Waaqaf urjii

Ollaa walii ta’anii wal hin argan Ija

Obboon bulukkoo uffatee rafe Dibaa abiddaa

Obboleettii gabaabduu qaqqabdee hin dhungattu irree

Ninyaata hin dhugu Daana’oo

Ni deemaa ni deemaa hin dhaabbatu bishaan

Namichi daboo kadhatee warri daboo deebi’ee, inni achumatti hafe Reeffa

Muree muree manarra tuule Citaa

Muka diimaa diimate jedhanii bira hin darban Harbuu

Mucaan koo shaalee shaalee gara waaqaatti ol erge Gaagura

Morma qabdi mataa hin qabdu Buqqee

Mataa filattee gabaa baate Suufii

Maree sirra taa’e Gogaa

Mana ijaaree karaa isaa wallaale Tuulaa midhaanii

Mana hin qabduu nyaata hin dhabdu Tafkii

Luka Afur qaba garuu laga hin cee’u Siree/teessoo

Loon hin qabduu ni elmiti Silmii

Loon baay’ee keessaa kormaa tokko qofa Addeessa

Laga bu’een ulee qajeelaa dhabe Lafee cinaachaa

Lafee hin qabuu ija hin dhabu Biddeena

Lafarra kaattii saree fakkaatti Sardiidoo


Lafa keessaa lafa abaaramaa Boolla

Kophaa deemtii hin sodaattu Biiftuu

Kittaa buufattee waajjira seentee Muuzii

Karaarra teessee qullubbii qollaati Gufuu

Karaan gibee naannoo naannoo Gundoo

Kan ol-deemu tasa kan gadi hin deebifamne umurii

Kan bu’ee hin banne kan hattuun hin hanne Beekumsa

Kaballaan dhahee Albaase Gingilchaa

Jiraa du’aa baatu du’aa jiraa baatu Fardaafi kooraa

Jabbii jabbii hootu Furriifi quba harkaa

Jaarsa gabaabaa bareedaa kan afaan areedaa Boqqolloo

Isuma tumuu isumaan qabuu Sibiila

Ilmoon ni deemna ni deemna jettii haati ni teenya jettii dhagaa daakuu

Ilmoon haadha keessaa baatee haadha dhiitti kibriitii

Ilkaan hin qabduu dheedhii nyaachuu hin dadhabdu Hindaaqqoo

Ija waliin dhalattee osoo hin laalin duute Biddeena

Hoolaan gurraachi abbaan koo naaf qale dhiiga hin qabumixii

Hojii waaqaa mukti buuphaa buuse Jirbii

Hiriyoonni lamaan wal fakkaatuu waliin deemu kophee

Hinuman si dhiqa maaf daalachoofta Qodaa bukoo

Hin dhiqattu hin dibattu ni bareeddi Hiddii

Hiddi isaa lafa lixee ijji isaa nama fixe Qaaraa

Hibakka bookkise dallaatti si rakkise Bubbee

Hamma majii geessii biyya waliin geessi Aduu

Hamma fudhattu gadhiisaa deemti Tarkaanfii miilaa


Haati nama ilaalti ilmoon nama nyaatti Rasaasa

Haati lafa dhiittii ilmoon haadha dhiitti Mooyyee fi bolotaa

Guyyaa bakka feete ooltee galgala hanxaxiin cufatti ija

Guutan hin ulfaattu yeroo/sa’aatii

Godoo gamaa balballi ishee lama Funyaan

Ganama luka afur, guyyaa luka lama, galgala luka sadi Daa’ima,Dargaggeessa,Jaarsa

Ganama kaatee lafa arraabdi Hartuu

Ganama hiyyeessaa galgala dureessa Mooraa loonii

Ganama argee guyyaa dhabe Fiixensa

Gamana taa’ee gamatti waraane ija

Gamaanis gaara gamanaanis gaara keessi fardaan magaala Marqaa

Galgala faca’u galgala dhabamu Urjii

Gabaabaa qalbii dheeraa Hindaaqqoo

Gabaa hin dhaqxuu dhadhaa hin dhabdu Boraatii

Gaaraa gugatee daaraa uffate Qoraan

Gaara guddaa jala re’een adiin cicciiste ilkaan

Fuuldura mootii teessee fincoofti Jabanaa

Funyaan qabdii hin haxxifattu Shumburaa

Funyaan qabdii furrii hin baafattu Baaqelaa

Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu Lukkuu kormaa

Fayyaan du’aa dhalaa du’aan fayyaa dhala Lukkuu,buuphaa,cuucii

Fardeen laga wancii mudhii qaqallatti Goondoo

Fardeen gamaa dhuftu luugamni hin deebisu Hoqqisaa

Fannisan fannoo hin qabduu teesisan teesson hin qabdukillee

Ejersa jigoo bo’oo kanniisaa Numa du’e


Ejersa dabe falli hin deebisu Gaafa hoolaa

Dura Diigamee booda ijaarama kaarra loonii

Dukkanni gumbii guute Nuugii

Dheeraa qalbii gabaabaa Farda

Damee qabdii hin yaabbatamtu ija qabdii hin nyaatamtuHiddii

Calaq calaqqisee meetii sodaachise Bakakkaa

Burqaa gaaraa balballi saddeeti Mucha/Harma saree

Boollatti galti yaa shurrubbaa ishee Xaddee

Bixxilleen lamaan tabbatti hirkatte gurra

Bixxilleen aayyoo jilbarratti hin cabu Missira

Bisingaa gaara irraa gadi jige Eegee sa’aa

Bishaan Buutu xabuluq hin jettuu daggala seentu shokok hin jettu Lilmoo

Bifaan wal fakkaatti hojiidhaan wal caalti Kanniisa

Bifaan gurraattii amalaan giiftii Eelee

Balluxee fi qalluxeen wal qabattee wal huute Qacceefi muka

Balbala cufattee sirbiti ittoo

Bakkalcha fakkaatti lapheerra kaatti Amartii

Bakka saani gurraachi ka’e adiin ciise Daaraa

Bakka qottiyyoo diimaan ciise margi hin margu ibidda

Baala fakkaataa waaqarra kaata Billaacha

Asuma taa’ee walitti qabe Yaada

Asii fiigee gunbii diige Hantuuta

Arraba hin qabuu daaraafi awwaara arraaba Qilleensa

Ari’anii hin qaban utaalanii hin dhaaban Gaadidduu

Ani silaalaa ati waaqa ilaalta eegee re’ee


Ani lafan si kaa’e maaltu waaqa irra si baase Bishingaa

Ani ergaan dhaqaa ati eessa dhaqxa Gaaddidduu

Ani asin kaa’ee maaltu achirra sikaa’e dabaaqula

Ani anuma hin nyaadhuu hin dhugu suuraa

Akka bofaa loo’aa addunyaa hundaa mo’aa Hirriiba

Akka ayyaana keenyaa halaala irra teenya Harma

Akaayyii ishee hin nyaatanii gaaddisa ishee hin taa’ani Xaafii

Afur taatee boolla tokkotti fincoofti Mucha sa’aa

Afaan banatee nama ilaala Hubboo

Adii dhalaa gurraacha horsiifata diimaa guddifata Barbaree

Abbaas hin fakkaatu haadhas hin fakkaatu Gaangee

Abbaan gabaabaan lafa jala fiigaMaarashaa

Abbaan eeboo dhibbaa laga keessaa sirba Meexxii

Abbaan bokkuu marmaratee rafe Boqqoolloo

Abbaa garbee iyyaa darbe Waraabessa

Aayyoo baruxeen karaatti duuteQaanqee

You might also like