You are on page 1of 21

Straateejii Qabiinsaafi Maqsa Balfa

Gogaafi Dhangala’aa Magaalotaa

Seensa
Qabiinsiifi maqsi balfa gogaafi dhangala’aa magaalotaa Karoora Guddinaafi

Traansifoormeeshinii waggoota shanii galmaan gahuuf Straateejiin kun gahee

isaa akka bahuufi karooricha waliin walqabatee waliigalatti naannoo

magaalota keenyaatti akka addaatti jijjiirama guddina hawaas-diinagdee

dhufu keessummeessuufi baachuu akka danda’aniif yaadamee kanqophaa’ee

dha
Straateejiin kun sirna qabiinsaafi maqsa balfa gogaa qindaawaa ta’eefi
tarsiimoo qabiinsa balfa dhangala’aa magaalotaakanqabate yoo ta’u
kaayyoo yaadame akka galmaan gahuuf tolutti kutaa afuriin qophaa’ee
dhimmoota tarsiimoo kanaai bsuuf yaalamee jira.
Tarsiimoo qabiinsaafi maqsa balfa gogaafi dhangala’aa magaalotaa kana
keessatti kutaalee barbaachisan jechuun, seensa, haala waliigalaa, dhimmoota
tarsiimawaa isaan guguddoofi tarsiimoo kana galmaan gahuuf hojiilee ijoo
ta’an raawwachuuf wantoota barbaachisan, haala hooggansaafi ijaarama isaa
kan of keessatti qabatee dha
Dabalataanis tarsiimoon kun wantoota karoora hojii qabiinsaafi
maqsa balfa gogaafi dhangala’aa keessatti xiyyeeffannoo
argachuu qaban;

• Sadarkaalee qabiinsaafi maqsa balfaa


• Teeknooloojii salphaa fayyadamuu qabnu
• Haala uwwisa seeraa
• Carraa hojii qabiinsaafi maqsa balfaatiin
lammiileef uumamuu danda’u
• Haala hirmaannaa hawaasaafi dhimmamtootaa
• Rakkoolee ijoo hojii kana keessatti qunnamaa
jiraniifi furmaata isaanii kan agarsiisuu dha.
Waa’ee Straateejichaa
Balfi gogaafi dhangala’aan magaalota keessatti maddu
hirmaannaa uummataafi qaamolee dhimmi ilaalu hundaan
seeraan akka qabamuufi maqsamu taasisuu
Hojii qabiinsaafi maqsa balfa gogaafi dhangala’aa keessatti
tarsiimoofi seerota jiran beekuun uwwisa isaanii guddisuu
Qabiinsaafi maqsa balfa gogaafi dhangala’aatiin carraa hojii
jiraattota magaalaatiif uumuudhaan balfa madda galii
taasisuun hiyyummaa hir’isuu irratti xiyyeeffannoo olaanaa
godha.
Barbaachisummaa Straateejichaa
Biyya keenya keessatti baay’inni uummata magaalaa yeroo gara
yerootti sababa guddachaa deemeen hir’ina qulqullinaatiin
dhiibbaan faalamni naannoo irratti mul’ate ida’aa deemeera
. Biyyoota guddataa jiran keessatti namni tokko guyyaatti balfa
gogaa hamma 0.33 kg omishu yoo ta’u biyyoota guddatanitti
namni tokko guyyaatti 1 kg ol akka omishu qorannoowwan adda
addaa ni mul’isu
Ejensiin Staatistiksii Giddu Galeessaa ragaa bara 1999 funaaneen
magaalota biyyaa keessatti balfa gogaa omishamu keessaa kan
seeraan guuramu 29.2% qofa yemmuu ta’u 70% tti kan dhiyaatu
akka hin guuramneefi qarqara daandii, bo’oo lolaa, lageewwaniifi
bakkeewwan banamoo kamittuu akka gatamu agarsiisa.
Magaalonni keenya kallattii hundaanuu guddina
ariifachiisaa agarsiisaa adeemuun isaaniin walqabatee
sirni funaansaafi maqsa balfa dhangala’aas duubatti
hafaafi gadaanaa waan ta’eef fedha tajaajilli balfa
dhangala’aa kennuu dabalaa dhufe guutuun hin
danda’amne
Qabiinsaafi maqsa balfa gogaafi dhangala’aa yoo jennu
balfa maddisiisuu, kuusuu, walitti qabuu, geejibuufi
maqsuu kan of keessaa qabu ta’ee wantoota seeraa wajjin
walqabatanis ni dabalata
Hojiin qabiinsaafi maqsa balfaa haala qindaawaan sadarkaa
sadarkaan hubannoofi raawwii walfakkaatuun hogganamuu waan
qabuuf hojii kana kallattii tokko qabsiisuun barbaachisaa dha. Kun
immoo hojiiwwan damee kanaan jiran akkaataa qabatamaa
magaalotaatiin raawwachuufi hordoffii, gamaaggamaafi deeggarsa
barbaachisu gochuuf adeemsa hojichaa agarsiisuuf Straateejiin
qophaa’e kun barbaachisummaa olaanaa qaba.
Straateejii Qabiinsaafi Maqsa Balfa
Gogaafi Haroomsa Magaalota
Keenyaa
Baay’ina uummata biyya keenyaa keessaa 17% kan ta’u
jiraataa magaalaa jedhamee tilmaama
Adeemsa misoomaafi haaromsa magaalota keenyaa
saffisiisuun kan danda’amu humna namaa bal’aafi
kaappitaala murtaa’aa qabnu haala bu’a qabeessa ta’een
hojiirra yoole qofaa dha. Seektaroonni murteessoon
misoomaafi haaromsa magaalota keenyaa saffisiisan
misooma dhaabbilee IMXfi ijaarsa manneenii yemmuu
ta’an kanneen keessaa ga’ee olaanaa kan qabu IMX dha
Faayidaalee Straateejichi Hudhaaalee Misoomaa Hiikuu Irratti
Qabu
Haala biyya keenya jiru irratti hundaa’uudhaan qabiinsaafi
dhabamsiisa balfaatiif xiyyeeffannoon kennamu baay’ee
gadaanaa ta’ee mul’ata. Kanaafis sababoota tuqamuu danda’an
keessaa tokko rakkoo ilaalchaa yemmuu ta’u kan inni ittiin
ibsamus sirna qabiinsaafi dhabamsiisa balfa gogaafi
dhangala’aatiif xiyyeeffannoon kennamuu dhabuufi hojii isaas
gadi xiqqeessanii ilaaluu dha.
Karaa dandeettiis yoo ilaalamu naannoolees ta’ee magaalota
irratti ogeessonni qulqullinaafi bareedina irratti hirmaatan
gama kanaan dandeettii ga’aa kan hin qabneefi dabalataanis
hooggansi magaalotaa waa’ee eegumsa naannoo
magaalotaafi bareedina isaanii irratti hubannoo ga’aa qabu
sadarkaa jedhamu irra hin geenye
Akkasumas baajata ilaalchisee damee kanaaf naannooleenis haa
ta’uu magaalonni baajata ga’aa kan hin ramadne ta’uu isaatiin
magaalonni biyyattii baay’ee biratti rakkoo guddaatu mul’ata

Walumaagalatti mootummaan sagantaaleefi karoora adda addaa


baasuun raawwii isaaniitiif sochii guddaa gochaa jira. Keessumattuu
galmoota barkumee, karoorri guddinaafi traansifoormeeshiniifi
straateejii magariisaafi straateejiiwwan biroo keessatti kan argaman
yemmuu ta’u straateejiin qabiinsaafi dhabamsiisa balfa gogaa
sagantaaleefi karoora kanneen akkasumas kanneen armaan olitti
tarreeffamaniifi qulqullinaafi bareedina magaalaa waliin walitti
hidhamiinsa kan qaban dhimmoota adda addaaf haala itti fufiinsa
qabuun deebii kennuuf akka meeshaa olaanaa ta’eeti gargaara.
Maalummaa Balfaa
Jechi ‘balfa’ jedhu namoota adda addaa biratti hiika adda addaa qaba. Akka
waliigalaatti namoonni heddu “Balfi waan hin barbaadamne tokko” jechuun waan
bitanitti yookan omishanitti yeroo duraa qofaaf itti fayyadamuun gatu / badu tokko
jedhanii hiikuu ni danda’u. Garuu “Waan hin barbaadamne” jechuun afaan qofaan
kan jedhamu malee wanti nama tokkoon hin barbaadamu jedhamee gatamu nama
biraatiif qabeenya guddaa barbaadamu ta’ee argama

Balfa Gogaa
Maalummaafi Gosoota Balfa Gogaa
Balfa gogaa jechuun wanta dhangala’aa yookan gaasii hin taane hin barbaachisu jedhamee gatame
jechuu dha. Kunis haftee sibiilaa, sigaaraa, waraqaa, huccuu, haftee biqiltoota adda addaa, horiifi
lubbu qabeeyyii bosonaa du’an, kuduraafi muduraa, haraa manaafi daandii, harcaatii manneen
diigamaniifi ijaaramaa jiranii dabalatee qulqullina iddoo itti gatamee yookan bareedina iddichaa kan
balleessu wanta fayyadus ta’ee hin fayyadne hunda of keessatti qabata
Balfa gogaa (solid waste) jechuun haftee nyaataa, kuduraafi muduraa,
haraa manaafi daandii, harca’aa manneen diigamaniifi ijaaramaa
jiranii, mana jireenyaa, industirii, hojii qonnaa, bakkeewwan daldala
adda addaa itti gaggeeffaman
Dabalataanis balfa kan shamu, deebi’ee tajaajila kan kennu (reusables
and recyclables)fi kan hin shamne (inorganic) jedhamee qooduun ni
danda’ama. Balfa miidhaa namaafi naannnoo irraan gahuu danda’uun
hamaafi miti-hamaa (hazardous and non-hazardous) jechuun qooduu
ni dandeenya.
Balfa Dhangala’aa
Balfa dhangala’aa jechuun maddi isaanii kanuma balfa gogaa
maddisiisan wajjin kan walqabatu ta’ee kan akka bishaaniitti
dhangala’aniifi balfa ofeeggannoo guddaan qabamuufi maqfamuu
qaban illee of keessaa dha

KUTAA LAMA
Tarsiimoo Qindaawaa Qabiinsaafi Maqsa Balfa Gogaa
2.0. Seensa
Guddinniifi babal’inni magaalotaa ce’uumsi diinagdee biyya
tokkoo haala saffisaa irra jiraachuu isaatiif agarsiiftuu waan ta’eef
kan jajjabeeffamuufi deeggaramuu dha
Qulqullinni bifa (image) magaalonni qabaachuu qaban ijaaruun
agarsiiftuu haaromsaa, harkiftuu investimentiifi tuurizimii ta’uun
gumaachi isaan godhan olaanaa dha. Kana galmaan gahuuf
diinagdee Karoora Guddinaafi Traanisfoormeeshinii keessatti
to’annoon balfa gogaa qulqullina magaalotatiif jecha
xiyyeeffannoon kennameefii hojjatamaa jira.

Maddi balfa hamaa garaajota, dhaabbilee fayyaa, warshaalee,


dhaabbilee qorannoofi kkf dha. Balfi hamaan balfa tajaajila mana
qopheessaatti osoo hin makamiin addumatti dhiibbaa hawaasaafi
naannoo irratti osoo hin fidin erga yaalamee booda maqsamuu
qaba.
Rakkoolee Balfi Haalan Hin
Qabamneefi Hin Maqfamne Fidu

Magaalota keessatti guddina hawaasummaafi


diinagdee wajjin balfi guddaan maddaa jira
Nama horiifi biqiltuuwwan jiran irratti faalama naannoo fida.
 Faalama bishaan lafa irraafi bishaan lafa jalaa /surface and
ground water pollution/ fida.
Bo’oowwan lolaa cufuun galoo uuma. Bakka hin taanetti bishaan
kuusuun iddoo hormaata busaa ta’a. Fooliin isaas ni ajaa’a.
 Magaalota keessatti hojjattoota hojii kana irratti ramadamaniif
hojii dabalataafi dadhabsiisaa itti ta’a
Uummataafi mootummaa irratti baasii karaa adda
addadabala.
Bareedina naannoo hirdhisuun fokkisaa taasisa.
Haamileefi ilaalcha gaarii hawaasaa ni jeeqa.
Akkuma waliigalaatti faalama biyyee, bishaaniifi qilleensa
naannoo fiduun magaalotni ijatti bareeda akka hin taaneefi
rakkoo hawaas-diinagdee hamaa fida.
Sadarkaalee Qabiinsaafi Maqsa Balfa Gogaa
Qindaawaa

Qabiinsaafi maqsa balfa gogaa qindaawaa jechuun balfa gogaa


haala qindaa’een bu’a qabeessuummaan isaa mirkanaa’ee haala
seera qabeessaafi hawaasaafi nageenya naannoo irratti dhiibbaa
hin geessifneen madda isaa irraa to’achuu, hir’isuu, walitti
qabuu, yaaluu, dikeessuu/ composting, gubuu, geejibuufi
maqsuun ergasiis hawaasaafi naannoo irratti akka dhiibbaa hin
fidnetti hojii to’annoo gaggeessuu jechuu dha
1. Prevent the creation of waste in product design and packaging
2. Reduce the toxicity or negative impacts of the waste that is
generated
3. Reuse in their current forms the materials recovered from the
waste stream
4. Recycle, compost, or recover materials for use as direct or indirect
inputs to new products
5. Recover energy by incineration, anaerobic digestion or similar
processes
6. Dispose of waste in an environmentally sound manner, generally
in sanitary landfills

You might also like