You are on page 1of 93

MIL’UU OROMUMMAA: SIRBOOTA WARRAAQSAA KEEKIYYAA

BADHAADHAA FILATAMAN KEESSATTI

WARAQAA QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII


LAMMAFFAA (MA)

LAMMEESSAA TARREESSAA DIRIIRSAA

ADOOLESSA, 2022
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA, OROMIYAA
MIL’UU OROMUMMAA: SIRBOOTA WARRAAQSAA KEEKIYYAA
BADHAADHAA FILATAMAN KEESSATTI

Qorannoo Barnoota Digirii Lammaffaa (MA) Muummee Afaan Oromoo,


Ogumaafi Quunnamtiif Kan Dhiyaate

Daarektoreeta Sagantaa Barnoota Digirii Duraan Boodaa

YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

Ulaagaalee Itti Guuttannaa Gartokkee Digirii Duraan Boodaa

OGUMA OROMOOTIIN

LAMMEESSAA TARREESSAA DIRIIRSAA

Adoolessa, 2022
Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa
YUUNVARSIITII HARAMAAYAA

DAAREKTOREETII SAGANTAA DIGIRII DURAAN BOODAA

Waraqaa qorannoo barataa Lammeessaa Tarreessaa mata duree mil‟uu Oromummaa sirboota
warraaqsaa Keekiyyaa Badhaadhaa filataman keessatti jedhu irratti geggeessummaa koo jalatti
hojjechaa ture dubbisee madaaleera. Kanaaf, unkaa waraqaa qorannoo sagantaa digirii duraan
boodaa waan guutee jiruuf akka inni dhiyeessuuf yaada kenneera.

________________ _____________ _____________

Gorsaa ijoo Mallattoo Guyyaa

____________________ _________________ ___________

Gorsaa gargaaraa Mallattoo Guyyaa

Akka miseensa boordii qortoota sagantaa barnoota digirii duraan boodaatti waraqaa qorannoo
barataa Lammeessaa Tarreessaan qophaa‟e dubbisee madaaleera. Akka kootti waraqaan kun
unkaa waraqaa qorannoo sagantaa barnoota digirii duraan boodaa Oguma Oromootiin ni guuta
jedhee mirkaneesseera.

Barreessaa _________________________ Mallattoo ___________ Guyyaa ______________

Qoraa Keessaa _____________________ Mallattoo ____________ Guyyaa _____________

Qoraa Alaa ______________________ Mallattoo _____________ Guyyaa ____________

Itti gaafatamaa Muummee yookiin Qindeessaa Sagantaa Barnootaa Digirii Lammaffaa (MA)

ii
IBSA QORATICHAA
Waraqaan qorannoo kun hojii dhuunfaa koo kan ta‟eefii kanaan dura yuunivarsiitii kamiyyuu
keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin dhiyaanne ta‟uusaafi wabiilee qorannoo kanaaf dubbisee
irraa fayyadame hunda isaanii wabii keessa kaa‟uu koo mallattoo kootiin nan mirkaneessa.

Maqaa: Lammeessaa Tarreessaa

Bakka: Yuunivarsiitii Haramaayaa

Mallattoo: ________________________________

Guyyaa: ___________________________________

iii
SEENAA QORATAA
Qorataan kun Hagayya 25, 1991 godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Daawootti kan dhalateedha.
Umuriin isaa akkuma barnootaaf ga‟een barnoota sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa Daawo
Qacamaatti, sadarkaa lammaffaa immoo Buusaatti barate. Qorumsa biyyoolessaa Kutaa 10 ffaa
erga fudhateen booda Kolleejjii Barnootaa Barsiistotaa Mattuutti Ogummaa barsiisummaan
leenji‟uun Afaan Oromootiin dippiloomaan eebbifamee hojii barsiisummaa jalqabe. Sanaan
boodas, Yuunivarsiitii Haramaayaa Muummee Afaan Oromoo sagantaa barnoota gannaatiin
digrii jalqabaa dhuunfaan barate. Bara 2019 irraa eegaleemmoo yuunivarsiituma kanatti digrii
lammaffaa isaa dhuunfumaan sagantaa idileen Muummee Barnoota Afaan Oromoo, Ogumaafi
Quunnamtiitti barnoota Oguma Oromootiin barachaa kan jiruudha.

iv
GALATA
Hundaa dura bu‟aa bahii jireenyaa fi hafuura obomboleettii siyaasaa biyyattii irraa na hambisee
hojii kana sadarkaa kanaan akkan gahu kan na garagaare Waaqa uumaa walaabuu, gurraacha
garaa garbaa tokkicha maqaa dhibbaaf galatni haa ta‟u. Itti aansuun hojii kana keessatti irra
deddeebiin karaa naqabsiisuufi lafa duumessi jireenyaa nadhoksettillee iyyaafannoon isaanii
hamilee kan naaf ta‟e gorsitootakoo Dr. Abbabee Lammeessaafi Jeeyilaan Amaaniif galatnikoo
guddaadha. Dabalataan maatiinkoo eergarama hunda dandeessanii hamilee kufe lafaa kaastanii
gargaarsa maallaqaafi hamileen na utubdan: abbaan, haadhaafi obbolaankoo ulfaadhaa.
Barsiisonni mooraa yuunivarsiitii Haramaayaa keessattuu Muummee Afaan Oromoo, Ogumaafi
Qunnamtii kanneen yaadaan na hamilaa turtan, hiriyoonniifi namoonni yaadaanis, gochaanis
akka hojiin kun fiixa bahu gumaata xiqqaa hanga guddaa taasiftan isiniif galatnikoo guddadha.
Dhumarratti kanneen jijjiirama sadarkaa barnootaafi guddinakoo hinaaftanii, jalqaba barnootatii
kaasee hanga hammaatti kiyyoofi sakaallaa hedduu qopheessitanii na hambisuufi nahanqisuuf
dafqaa turtan hadhaa jireenyaafi hammeenyummaa dhala namaa na barsiisuu bira darbitanii
ulaagaa filannoo hiriyummaa na barsiistan waan ta‟eef galatoomaan isiniin jedha.

v
BAAFATA

QABIYYEE FUULA

IBSA QORATICHAA iii


SEENAA QORATAA iv
GALATA v
BAAFATA vi
AXEREERAA viii
1. SEENSA 1

1.1. Seenduubee Qorannichaa 1

1.2. Ka'umsa Qorannichaa 3

1.3. Gaaffilee Bu’uuraa Qorannichaa 4

1.4. Kaayyolee Qorannichaa 5


1.4.1. Kaayyoo gooroo qorannichaa 5
1.4.2. Kaayyolee gooree qorannichaa 5

1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa 5

1.6. Daangaa Qorannichaa 6

1.7. Hanqina Qorannichaa 6


2. SAKATTA'A BARRUULEE FIROOMINAA 7

2.1. Yaadrimee Sirbaa 7

2.2. Gosoota Sirbaa 9

2.3. Yaadrimee Oromummaa 9

2.4. Sirna Gadaafi Oromummaa 11

2.5. Seera Gadaa Oromoo 12

2.6. Karaalee Sirni Gadaa Ambaaf Oromummaa Kennuun 13


2.6.1. Guddifachaa 13
2.6.2. Moggaasa 13

2.7. Warraaqsaafi Sirba 14

vi
2.8. Mil’uufi Oromummaa 15

2.9. Oromummaa Sirbootaan Ibsuu 15

2. 10. Yaadxina Qorannichaa 17


3. XIINMALA QORANNICHAA 19

3.1 Saxaxa Qorannichaa 19

3.2. Madda Ragaa Qorannichaa 19

3.3. Iddattoofi Mala Iddatteessuu 20


3.3.1. Iddattoo Qorannichaa 20
3.3.2. Mala Iddatteessuu 20

3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee 21

3.5. Mala Qaaccessa Ragaalee 21

3.6. Naamusa Qorannichaa 21


4. QAACCESSA RAGAALEE 23

4.1. Oromummaafi Ulaagaa Oromummaa 23


4.1.1. Oromummaa dhalootaan 25
4.1.2. Oromummaa Seera Meedhachaan 29

4.2. Seenaa Weellistoota Oromoo sirboota kanneen keessatti 55

4.3. Sirna Bulchiinsa Biyyattiifi Oromummaa 63


5. CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO 71

5.1. Cuunfaa 71

5.2. Argannoo 72

5.3. Yaboo 73
WABIILEE 75
DABALEE 79

vii
AXEREERAA
Qorannoon kun mata duree Mil’uu Oromummaa: sirboota warraaqsaa Keekiyyaa
Badhaadha filataman keessatti jedhurratti kan gaggeeffameedha. Kaayyoo gooroon
qorannoo kanaa sirboota kanneen keessatti Oromummaan haala kamiin akka hubatameefi
hiikame xiinxaluun dhiyeessuu yoo ta’u, seenaa weellistoota Oromoo Oromummaa asiin
gahuu keessattiifi hariiroo sirnootni bulchiinsa biyyattii Oromummaa waliin qaban akka
kaayyolee gooreetti hojii qorannoo kanaan dhihaataniiru. Kaayyoolee kanneen milkeessuufis
walaloon sirboota filatamanii sagaleefi suursagan dhaggeeffatamaniifi ilaalamanii gara
barreeffamaatti jijjiiramuun xiinxalamaniiru. Hojii qorannoo kanaaf iddattoowwan
fudhataman: Dhugaa baas, Warra kamiifi Barraaq kan jedhantu mala iddatteessuu
carraanalaa keessaa, iddatteessuu kaayyeffataan filataman. Malli iddatteessuu kun sakatta’a
hafee oguma qoratamuu taasisuun kanneen dhimma qoratamuun walqabatan fo’achuuf kan
dandeessisu ta’uutu akka dhimma itti bahamu godhe. malli qaaccessaafi hiikaa dhiheessa
ragaaleef mijataa ta’ee hojiirra oole immoo kan akkamtaa keessaa mala qaaccessa
haasbarruuti. Kunis waldhabbii gita irree qabuufi gita cunqurfamaa jidduu jiru ogbarruun
dhugaafi haala qabatamaa akkatti agarsiisu kan xiyyeeffatu falaasama Markisiizimiitti
dhimma bahuun kan raawwatameedha. Akka argannoo qorannoo kanaatti Oromummaan
ulfina yookiin gatiifi ilaalcha qajeelaa namni dhuunfaas ta’ee gareen Oromoo ta’ee
jiraachuufi mul’achuu isaaf ofiif kennu, simboo eenyummaa Oromoo ifeefi olka’ee nama
keessaa mul’atu, safuufi seera Oromoon qajeelfamuufi jiraachuu kan gaafatu ta’uu sirbootni
kun haalaan ibsaniiru. Weellistoonni Oromoo yaa’a seenaafi biqila qabsoo saba oromoo yoo
ta’an, seenaafi eenyummaa barsiisuu, dhugaafi mirga sabaatiif falmuun Oromoofi
Oromummaaf waardiyyaa ta’anii gidiraa Oromoorra gahu kamuu keessummeessaa kan as
gahaniidha. Oromummaafi sirnoota moototaa hanga har’aa gidduu hariiroon jiru kan
diinummaa yookiin waldhabdee ta’uun waan xiinxala qorannichaan bira gahameedha. Akka
yaada furmaatattis qorattoonni seenaa dhaabbileen barnootaafi waajjiraaleen hubannoo
Oromummaa cimsuurratti fuulleffachuun hojjachuufi hojiiwwan ogumaa eenyummaa
ilaalcha siyaasaan xaxanii ofirraa dhiibuu caalaa dhimma itti bahuun barbaachisaa ta’uutu
kaa’ame.

viii
1

1. SEENSA

1.1. Seenduubee Qorannichaa


Jechi eenyummaa jedhu baroota dhiheenyaa kana keessatti dhimma qorattoota saayinsii
hawaasummaafi namummaa biratti xiyyeeffannoo guddaa argate yoo ta‟u, maalummaa isaarratti
yaadota garaagaraatu dhihaata. Dhimmi kun hayyoota siyaasaa biratti walitti bu‟iinsa gosaafi
sabaa keessatti qooda olaanaa akka taphatutti qeeqama. Hariiroo biyyaalessaa keessatti garuu
eenyummaan karaa bilisummaa biyyaa ittiin qaaccessaniifi dhugaa ittiin ijaaranitti fudhatamuu
Wendit (1992) ibsee jira. Dabalataan hayyuun kun hiika ofiisaa yoo kennuuf eenyummaan
tasgabbii, tilmaama, hubannoofi qooda namni dhuunfaas ta‟ee gareen ofiif qabaniidha jedha.

Eenyummaan yaadrimee namootni waa‟ee ofiifi garee isaanii eenyu akka ta‟an, akkamitti
kanneen biroon akka walitti dhihaataniifi iddoo isaan ofiif qaban ibsuudha. (Hoggs fi Abrahim,
1988). Gammachuun (1996:253) Eenyummaan beekumsa; beekumsis eenyummaadha jedha.
Kanaafis sababa yoo dhiheessu, eenyummaa Oromoo hubachuuf mala beekumsaa kan
eenyummaan ittiin argamuufi ilaalcha addunyaalessaattin dhufuun qabaachutu irraa eegama.
hayyoonni hedduun qorannoon ogumaa eenyummaa saba ogumichatti dhimma bahuutin gargara
bahee akka hin gaggeeffamne eeru. Oring (1994:211) calaqqeen eenyummaa bu‟uura hiikaa
ogumaa akka ta‟eetti kaa‟a. Copper (1984), Ogumaafi eenyummaan lameenuu bu‟aa walitti
dhufeenya dhuunfaafi miseensota hawaasaa birooti jedha. Yaada kana fakkaatuun Tasfaayeen
(2019: 58), yaadni oguma Oromoofi dhimmi eenyummaa walxaxiinsa hariiroo addummaa
dhuunfaa, walitti hidhamiinsa gareefi ilaalcha addunyaalessaa gidduu akka jiraatan ibsa.

Haaluma kanaan qorannoo oguma Oromoo keessatti eenyummaan Oromoo gama hedduun kan
calaqqisee mul‟atu akka ta‟e Gammachuun (1996)fi Tasfaayeen (2014) ibsanii jiru. Oromoon
saba seenaa yeroo dheeraafi eenyummaa mataa isaa qabu ta‟us, seenaan isaa hatameefi
dhokfamee hubannoon eenyummaa isaa laafee kan jiraachaa tureefi jiruudha. Sabni kun dhiibbaa
sirnoota bulchiinsatiinis gariin biyyarraa baqatee, gariin eenyummaa isaatti qaanfatee, kaanis of
irraanfateefi of geeddaree jiraachuu kan mudateedha. Sirnoonni bulchiinsaa biyyattii jireenya
qofa osoo hintaane eenyummaa sabichaa balleessuufi ofdhabsiisanii garboomsuun biyya
Oromoofi Oromoos habashummaan bakka buusuurratti kan fuulleffatan turan
2

.
Asafaan (2015) Oromoon yeroo sirna gabroomsaa jalatti kufee kaasee, hojiin eenyummaa
Oromoo balleessuu, xiqqeessuufi jallisuu haalaan kan raawwatamaa ture ta‟uu eera. Mararaan
(2008), Sirnoonni darban olaantummaa saba tokkoo qofaraatti fuulleffachuu yoo ibsu,
Mohaammad (2017), jibbiinsa habashonni Oromoof qaban, hojii qorannoofi hiikaa dabaa isaan
Oromummaaf kennan fakkeenya waliin ibsee jira. Oromummaan aadaa, duudhaa, afaan, seenaa,
sirnaafi safuu Oromoo beekanii, kabajaniifi fudhatanii ittiin jiraachuun alatti hiika
hammeenyummaa biraa akka hinqabne Mohaammad (2017)fi Asaffaan (2007) ni kaa‟u.
Artistoonni Oromoos ogumatti dhimma bahuun Oromummaa isaanii addunyaaf beeksisaa turuu
hayyoonni kunneen yaada isaanii keessatti ni ibsu.

Sirbi ummata bocuuf oola, ummannis sirba boca. Handhuura qabsoo ummataas ta‟ee tajaajila.
(Susan, 2015). Sirbi qaama jireenyaa ummata Afrikaa kan yeroo dheeraati. Karaa isaan safuu
to‟ataniin, dhiibbaa aanga‟ootaa falmataniin, waldadammaqsaniifi, eenyummaa ofii ibsataniin.
(Chekowero, 2015). Tasfaayeen (2014) waa‟ee eenyummaafi oguma Oromoo akkas jechuun
ibsa. Dhalannaan eenyummaa hawaasa tokkoo dhalannaa oguma isaatiin addatti ilaalamuu
hindanda‟u. Sababni isaas haalonni kuufamaniifi eenyummaa waliinii bocuuf itti fufan oguma
sana keessatti argamu. Sirbi akeektuu eenyummaa isa ijoodha: sirboonnifi himteewwan seenaa
qaama aadaafi eenyummaa barbaachisoo ta‟aniidha jechuun Taaxaq (2021) hariiroo sirbaafi
eenyummaa ibsuu yaalee jira.

Weellistoonni Oromoo roga jireenya sabichaa hunda sirba isaanitiin alalaasanii kan qeeqamu
qeeqanii, kan jabeeffamus jajanii gurra ummata bal‟aatin gahu. Kanaaf, dhiibbaa sirnoota
garagaraatiin saba isaanii irra gahaa ture karaa sirbaatiin mormuun, uummata kakaasuun, qabsoo
finiinsun qooda isaanii bahaa turaniira. Weellistoota kanneen keessaa Keekiyyaa Badhaadhaa
isa tokkodha. Kanumarraa ka'uudhaan, qorataan walaloowwan sirboota warraaqsaa Keekiyyaa
Badhaadhaa irratti xiyyeeffachuudhaan Oromummaan sirboota kanneen keessatti akkamitti akka
hiikame yookiin calaqqeessifameefi calaqqeewwan Oromummaan walqabatan xiinxaluun
dhiheessera
3

1.2. Ka'umsa Qorannichaa


Baroota 1960 ta keessa yeroo hundeeffama Baandii Muuziqaa Afran Qallootii eegalee hanga
ammaatti weellistoonni Oromoo dhiibbaa saba isaanirra gahu qeequu, mormuufi ummata
dadammaqsuun gahee olaanaa taphataa jiru. Sirbi ogumaawwan kaan caalaa dafee gurra ummata
bal‟aa dhaqqabuu waan danda‟uuf qabsoo saba tokkoo keessatti dhiibbaa olaanaa uumuufi haala
salphaadhan ergaa hedduu dabarsuuf kan dandeessisuudha. Seenaa saba tokkoofi taatewwanii
faayanii bifa gabaabaa ta‟een barsiisufillee oguma mijataa waan ta‟eef sirboota Oromoo keessatti
rogaawwan jiruufi jireenya sabichaa mara argachuu dandeenya. Kunimmoo eenyummaa saba
tokkoo ibsuu keessatti artiin qooda laafaa akka hinqabne nu agarsiisa.

Seenaan artii Oromoo umrii dheeraa kan lakkoofsise ta‟uu baatuus hojiileen artii erga baroota
kanneenitii hojjataman garuu danuudha. Ta‟us hojii weellistootaa kanneen qorannoon
deeggaranii guddina ogumaafi afaan saba kanaaf oolchurratti hojiin hojjatame xiqqaadha.
Haaluma kanaan qorannoowwan sirboota Afaan Oromoorratti gaggeeffaman muraasa yoo ta‟an
keessattuu eenyummaa sabaan walqabsiisuun kan xiinxalan hinjiran jechuun ni danda‟ama. Anis
qaawaa kana ilaaluun sirboota warraaqsaa keessaa kan Keekiyyaa Badhaadhaa filachuun
akkaataa Oromummaan ittiin ibsame xiinxaluu yaalera.

Gama qorannoo walmaddeessatiin qorannoowwan kanaan dura qabiyyeefi mata duree kanaan
walfakkaaturratti adeemsifaman jiraachuu baatanillee kan damee ogumaa kanaarratti yookiin
sirboota qaaccessuurratti hojjataman muraasni ni jiru. Habtaamuu Baluudee (2019) sirboota
Ittiiqaa Tafarii “Saaqi Saanqaa”fi “Itti Muddi” jedhaniifi Sisaay Magarsaa (2016 Geerarsa
Caalaa Bultumee (2008): diddaa maastar pilaanii xiinxalanii turan. Lameen isaanituu Itti
fayyadama afaanirratti fuulleffachuun qorannoo digrii 2ffaa Yuunivarsiitii Finfinneef kan
dhihaataniidha. Sirbaafi geerarsa namoota dhuunfaa irratti haa gaggeeffaman malee qabiyyeen
diddaafi itti fayyadama afaanii waan xiyyeeffataniif qorannoo kanarraa adda ta‟u. Dabalataan,
Asafaa Tafarraa (2004, 2015), walaloowwan Jaarsoo Waaqoofi humnaafi aangoo sirboota
Salaalee diddaa agarsiisuu keessatti xiinxaleera. Isaanis sirboota hawaasaa kan fookilorii jalatti
ramadaman ta‟anii diddaadhuma ibsuurratti xiyyeeffatu.

Qorannoon kun garuu sirboota diddaa osoo hintaane kan warraaqsaarrattiifi Oromummaarratti
xiyyeeffata. Sirbootni diddaa kanneen dhiibbawwan hawaasicharratti dhaqqaban, mirga
4

dhuunfaafi garee sarbame falmachuuf akka meeshaa waraanatti kan tajaajilaniidha. Sirboonni
warraaqsaa garuu hawaasa mirgi isaa sarbames ta‟ee kan dammaqiinsi isaa laafaa ta‟etti fedhiifi
hamilee horuun jijjiiramaaf kakaasudha. Kun immoo, qorannookoo kanneen irraa adda taasisa.
Kanaaf, Oromummaan sirbootaan akka itti calaqqisiifame xiinxalee shoora artiin Oromoo
Oromummaa jiraachisuu keessatti qabu eeruun xiyyeeffannoo qorannoo kanaati.

Akkan mata duree kanarratti qorannoo gaggeessuuf kan na kakaases Qorannoowwan afaanii
hanga ammaatti jiraniifi baratamaa ta'anis roga sirboota weellistootaa caalaa gama xiinqooqaa fi
fookilooriwwan keessaas ogafaan irratti xiyyeeffachuutu guddata. Qorattoonni qorannoo
walmaddeessaa keessatti eeramanis gahee isaan Oromummaa utubuu keessatti qaban ibsuu
caalaa ergaa, qabiyyeefi fayyadama afaanii sirboota diddaa ibsuurratti luucca‟u. Kana jechuunis
hubannoon Oromootumti mataan isaaniyyuu Oromummaarratti qaban xiqqaa yoo ta‟u qorannoon
kun hubannoo cimsuu keessatti gahee olaanaa taphata jedheen yaada. Gama biraatiin ogumi
eenyummaa hawaasaa akkamitti akka calaqqisiisu agarsiisuun qaawwaa qorattoonni hintuqin
hafan hariiroo sirbootaafi eenyummaa gidduu jiru gadi fageenyaan akka qoratan hayyoota
afeeruun wanta akkan dhimma kanarratti xiyyeeffadhu na taasiseedha.

Ogumi hawaasaa tokko bifa qorannoo saayinsaawaan barreeffamee yoo taa'e dhaloota boodaatiif
hubannoo guddaa kennuu danda‟a. Haa ta'u malee, hojiin qorannoo afaaniifi ogumaa
Oromoorratti taasifamu dabalaa kan dhufe ta'ullee, akka bal'ina ummatichaafi oguma isaatiin yoo
ilaalame xiqqaadha. Hojii kalaqaa kamuu bittinneessanii qaaccessuu, xiinxaluufi qeequun immoo
guddina afaan tokkoof murteessaafi barbaachisaadha. Kanaaf, ammoo walaloowwan sirboota
warraaqsaa Keekiyyaa Badhaadhaa kana gadi fageenyaan xiinxaluudhaan qaawaa qorannoo
gama kanaan jirutti qorattoota waamuuf, mata duree qorannoo kana filadheera.

1.3. Gaaffilee Bu’uuraa Qorannichaa


Qorannoo kanaaf gaaffileen akka bu‟uuratti tajaajilan kanneen armaan gadiiti:

1. Sirboota Keekiyyaa Badhaadhaa filataman keessatti Oromummaa akkamitti ibsame?


2. Sirbootni kunpneen seenaa weellistoota Oromoo akkamiin kaasu?
3. Hariiroon Oromummaa fi sirna bulchiinsa biyyattii sirboota kunneen keessatti akkamitti
ibsame?
5

1.4. Kaayyolee Qorannichaa


1.4.1. Kaayyoo gooroo qorannichaa
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa Sirboota Keekiyyaa Badhaadhaa filataman keessatti
Oromummaa xiinxaluudha.

1.4.2. Kaayyolee gooree qorannichaa

Kaayyoleen gooree qorannichaa kanneen armaan gadiiti.


1. Sirboota Keekiyyaa Badhaadhaa keessatti Oromummaan akkamitti akka ibsame xiinxaluu
2. Seenaa weellistoota Oromoo sirboota kanneen keessatti ka‟an ibsuu
3. Hariiroo Oromummaafi sirna bulchiinsa biyyattii sirboota kanneen keessatti xiinxaluu

1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa


Qorannoon kun kan adeemsifame sirboota sagaleefi suursagaan waraabamanii you tube irratti
gadi lakkifaman irratti yoo ta‟u sirboonni kunniin buufamaniifi dhaggeeffatamanii walaloon
isaanii barreeffamuun hojiin qaaccessaafi xiinxallii irratti taasifame. Kana jechuunis gama
saayinsaawaa ta‟een bifa ogumaa isaanii osoo gad hin lakkisin qaacceffaman jechuudha. Kanaaf
qorannoon kun barbaachisummaa hedduu ni qabaata.

 Inni duraa, guddinaa aarti Oromootiif bu‟aa qaba. Kunis sirboota kanneen bifa sagaleefi
suursagaleetiin qindaa'anii hojjataman mala saayinsaawaa ta‟een qorachuudhaan bifa
barreeffamaatti qindeessanii dhalootaaf kaa'uun aartiin sun akka umrii dheereffatu
taasisa.
 Dabalataan, qorattootaaf faayidaa qabaachuu danda'a. Sababni isaas, hayyoota mata duree
qorannoo kanaan walqabatu irratti qorannoo adeemsisuu barbaadaniif akka madda
odeeffannootti tajaajiluu danda'a.
 Barattoota afaaniifi seenaatiif akka madda odeeffannoo kara qabsiisatti gargaaruu
danda'a. Kunis, yoo dhimmoota qaaccessa walaloo sirbaafi Oromummaan walqabatan
irratti waa hojjachuuf kan barbaadan ta‟e, akkuma qorattoonni ragaalee sakatta‟anii
dhimma itti bahanitti isaanis qorannoo kana fayyadamuu danda‟u.
 Dabalataan namootni qorannicha argatanii fayyadaman hubannoo oromumaarratti qaban
akka cimsatan ni taasisa.
6

1.6. Daangaa Qorannichaa


Weellistoonni Oromoo sirboota dhimmoota addaa addaarratti xiyyeeffachuudhaan yeroo gara
garaatti sirbaa turaniiru. Keekiyyaa Badhaadhaas sirboota qeenxees ta‟ee albeemaa heddu kan
qabu yoo ta‟ellee, sirbootni kanneen dhimmoota irratti xiyyeeffataniifi yoomeessa isaanitiin
garaagarummaa qabaatu. Garaagarummaa xiyyeeffannoo, yeroo, baajataafi odeeffannoon
garmalee bal'achuutiin qorannoo tokkoon hundi isaanii al tokko qoratamuun rakkisaadha. Kanaaf
sirboota kanneen keessaa filachuun dirqama ta‟a. Haaluma kanaan qorannichi kan irratti
daangeffame sirboota warraaqsaa Keekiyyaa Badhaadhaa keessaa „Dhugaa baas‟, “Barraaq”, fi
“Warra kam”, kan jedhan qofarratti ture. Kanneen qofti sababni filatamanifis sirboota kanneen
keessatti hiikaafi ulaagaa Oromummaa ibsuurratti kan xiyyeeffatan yoo ta‟u, qorannoon kunis
haala oromummaan achi keessatti ittiin eerame kana ibsuu kaayyefate. Dabalataan sirbootni
kunniin dadammaqsuufi hubachiisuurratti kan fuulleffatatan waan ta‟eef mata duree
qorannichaan walsimatu.

1.7. Hanqina Qorannichaa


Adeemsa qorannookoo keessatti rakkooleen hedduun na mudataniira. Qorannoo kanaaf yeroo
kennee bifa tasgabbiifi qalbiin ragaalee qindeessuufi xiinxaluun osoo feesisuu haala hin
eegamneen hojiifi iddoo jireenyaa kootti deebi‟uu hindandeenye. Jireenya harka qullaa, riphuufi
bir‟annaa akka jiruu bosonuu keessattimmoo sammuu nagaa qabaatanii hojii akkanaa fiixaan
baasuun ni ulfaata. Meeshaalee barreeffamaafi hojiilee jalqabaa dabalatee, ragaalee adda addaa
akkan barbaadetti argachuu, gorsitootaafi hiriyoota waliin walquunnamuufillee haala mijataa hin
arganne. Hundaa olitti immoo ulfaatina qilleensa siyaasaa kan yeroo kanaa cinaatti dhukkubbi
ijaa na mudateen ji‟oota shanii oliif meeshaalee elektirooniksiis ta‟ee waraqaatti dhimma bahuu
dadhabuun akkan hojii kana qixaafi yeroo sirrii eegee hin fixne na daangesseera. Ta‟us
hanqinoota kanneen hanga danda‟amettii fi akka hayyuu qorannoo tokkootti obsaafi tasgabbin
dabarsee hojii kana mataa walitti hidhee xumurarraan gaheera. Hanqina meeshaalee
barreeffamaafi madda ragaalee na mudatan gargaarsa hiriyootaafi maatiin yoon furu, gama
fayyummaan gargaarsa Waaqaafi ogeessota fayyaan fooyyee argameen fuullee ijaa fayyadamee
xiinxala ragaalee addaan kutetti suuta suuta deebi‟uun asiin gahuu danda‟een jira.
7

2. SAKATTA'A BARRUULEE FIROOMINAA


Boqonnaan kun barruuwwan qorannoo kanaan walqabataniifi qorannoowwan aantee kanaan dura
hojjetaman kanneen dhimma qorannoo kanaa gabbisuufi karaa qabsiisuu danda‟an of keessaa
qaba. Haaluma kanaan, boqonnicha jalatti yaadrimeefi gosoota sirbaa, Yaadrimee Oromummaa,
Sirna Gadaafi Oromummaa, Seera Gadaa fi Akka itti Oromummaan ambaaf kennamu irratti
qabxiileen sakatta‟aman dhiyaataniiru. Dabalataanis, warraaqsaafi sirb, mil‟uufi Oromummaan
dhimmoota as jalatti dhihaatan yoo ta‟an Oromummaan haala itti sirbaan ibsamaa turellee as
keessatti hammachiisera. Haaluma kanaan boqonnaa kanaan yaadxina hojiirra oolmaa qorannoo
kanaaf barbaachisu dabalatee qabxiileen mata duree kanaan walqabatan sakatta‟amanii haala
kanatti aanuun dhiyaataniiru.

2.1. Yaadrimee Sirbaa


Oguma ilmi namaa gadda, gammachuu, Mormii, deeggarsaa, jaalala, jibbaafi kan kana fakkaatan
ittiin ibsatuun keessaa sirbi isa tokkodha. Finnegan (1970:270), sirbi haala yeroorratti yaada
kennuuf dhiibban siyaasaa mormuuf, hawaasa dadammaqsuuf, ilaalcha hawaasaa ibsuufi
sirreessuuf gargaara jechuun lafa keessi. Gammachuun (2003), Sirboonni karaalee uummatni
barsiifataalee, duudhaalee, amantaalee, mallattoolee akkasumas, gaddaafi gamnmachuu isaa ittiin
ibsatuudha jedha. Akkuma yaada hayyootaa kanarraa hubatamutti sirbi dhiibbaafi ta'iiwwan jiruu
fi jireenya isaa keessatti quunnaman ibsachuuf, qolachuuf akkasumas baasee obbaafachuuf
meeshaa dhalli namaa fayyadamuudha. Sirbi dandeettii kalaqa ilma namaatiin kan uumamu
yaada keessoo isaa ittiin calaqqeessisuufi jireenya mataa ofiis ta'ee kan hawaasaa ittiin ibsuuf
kan itti dhimma bahamaa tureefi bahamaas jiruudha.

Fedhasaan (2013) akka jedhutti, sirbi oguma amala muuziqaa qabaachuufi sochii qaamaa
shubbistoonni irratti hirmaataniinis kan tumsamuudha. Sirbi wantoota lama of keessaa qaba.
Tokkoffaan, walaloo filannoo jechootaa kan mana rukutaniin ergaa bilchaataa dabarsuu danda‟an
yemmuu ta‟u, kan lammaffaan ammoo walaloo weeddifamu waliin sochii qaamaa, kan mormaa,
kan miilaa, kan harkaa ykn kan qaama guutuun godhamu qabaachuu isaati. Bauman (1992:73)
immoo, Sirbi walaloo gabaabduu yookiin tuuta jechootaa bifa muuziqaan dhiyaatu, kan
faarfatamuu fi barreeffama ifaa sirbamuun kan amaleeffatamedha jechuun ibsa. Dabalataan
Fedhasaan (2013) "Jechi Sirba jedhu kun sochii qaamaa akka ta'etti beekamuu danda'a. Haa ta'u
8

malee, sochii qaamaa osoo hintaane, walaloo yeedaloon sagaleeffamee hurrubummaan


dhugoomuudha. Sochiin qaamaa garuu, maqaa ittiin beekamu qaba. Innis, hurruubbii jedhama.

Naannoo Oromiyaa keessattis hurruubbii gosa adda addaatu argama. Fakkeenyaaf, shaggooyyee,
dhiichisa, mirrisa, geelloo, kumkummeefi kan kana fakkaatan fa'aa kaasuu dandeenya" jedha.
Yaada hayyoota armaan oliirraa akkuma hubatamu, sirbi walaloo yeedaloon wallifamu yommuu
ta u, sochiin qaamaa hurruubbii yeedaloo sana waliin deemuudha. Kana malees, gosoota addaa
addaa kan of keessaa qabu ta' uu isaati. Kanaafuu, sirbi hurruubbiin yookiin sochii qaama
keenyaan hanga murtaa‟een walqabata jechuudha.

Sirbi amaloota akka miira namaatti tolu taasisan hedduu qabaachuu danda‟a. Amaloonni
kanneenis artistootaan kennamuufii danda'u. Amaloonni kun, sirbi akka humna miira namaa
harkisu, sammuu namaa booji‟uufi qaama namaas sochii keessa galchu kan taasisuudha.
Hayyuun Hill (1998) akkana jechuudhaan ibsa. Humni sirbaa Cimina artistii sanaa,
qindeessitootaafi namoota irratti hirmaataniin onnee namaa kan tuqu, baay‟ee hawwataafi ofitti
nama harkisaa ta‟uu danda'uudha. Kunimmoo, sirbi dhaggeeffataa, daawwataa yookiin jamaa
biratti fudhatama akka argatu taasisa yaada jedhu nama hubachiisa jedha. Sirbi hafee walalootiin
qofa dhiyaachuu kan danda‟u osoo hintaane namni yeedaloo itti uumee sagaleedhaan
dhageessisu yoo jiraate sirbi jiraachuu danda‟a. Yoo kana hintaane walaloo qofti taa‟ee sirba
guutuu akka hin taane yaadota ka‟anirraa ni hubatna.

Dabalataanis, sirbi hojii hurrubummaa of keessaa qabu waan ta‟eef hurrubaafi jamaan qooda
mataa isaanii bahu. Kunis kan geeraru yoo jiraate kan si‟eessu hinoolu: kan weellisu yoo jiraate
kan jalaa qabu jiraachuu ni mala; kan jedhuuf kan jalaa qabuufi kan dhaggeeffatu gidduutti
qunnamtiin walirraa hincinne ni mul'ata. Walqunnamtiin gidduu isaanitti argamu immoo,
hurruubummaan kan mula‟tuudha. Bifuma walfakkaatuun, Fedhasaan (2013) akka ibsetti, sirbi
amala muuziqaa qabaachuun kan beekamu, sochii qaamaa dhaggeeffattoonni irratti hirmaataniin
kan tumsamuudha. Yaada hayyootaa kanneenirraa akka hubatamutti sirbi akkuma oguma biroo
amala hawwattummaa ofiisaa kan qabu, kan hurrubamu, ta‟ee waan hunda caalaa oguma
kaanirra adda kan isa taasisu garuu qindaawee yeedaloo bareedaan dhihaachuu isaati.

Registor (2001), Sirbi jechoota ykn muuziqaa hawaasa biyyaatiin baafamee afaaniin dhaloota
tokkorraa kan itti aanutti kan darbu jechuun ibsa. Egaa yaadota kanneen walitti qabaan yoo
9

ilaallu, sirbi kan hawaasaa ta‟ee kan nama dhuunfaa oguma hurrubamuun dhihaatu,
yeedaleeffamaafi ogwalaloo irraa kan ijaaramuudha. Hafeen ogwalaloo sirbaa kun afaaniffaanis
ta‟ee barreeffamaan akka dhiyaachuu danda‟u ni hubanna. Haaluma kanaan ogwalaloon sirbaa
hojii kana keessatti dhihaatu kan artistiin ofiisaaf qindeessee dhiheesse waan ta‟eef ogwalaloo
barruu keessatti ilaalama jechuudha. Hawaasni tokko karaa sirba isaatiin wanti inni hinibsanne
hinjiru. Dhimmoota adda addaa irratti yaada kennuufis ta'e tajaajila adda addaa itti ba'uufis
jireenya hawaasaa keessatti sirbi gahee guddaa taphata. Kana jechuun, sirbi dhimma yeroon
walqabate, dhiibbaa siyaasaa. kaka'umsaafi ilaalcha hawaasaa ibsuuf kan fayyaduudha.

2.2. Gosoota Sirbaa


Sirbi dhimma Sirbamuuf irratti hundaa'uun gosoota adda addaatti qoodama. Isaanis: Sirba
jaalalaa. Sirba Cidhaa, sirba hojii, sirba ajjeesaa, sirba qabsoofi kan kana fakkaatan ta‟uu
danda‟u. Fennegan (2012) Sirboota Afrikaa bakka gurguddaa afuritti qooddi. Isaanis: sirboota
dhimmoota addaa (kan lolaa, adamoofi hojii), Sirboota miiraa (kan fuudhaafi heerumaa, kan
jaalalaa, faaruu looniı), Sirboota siyaasaafi Sirboota taatewwan ammee ( kan ijoollee, dhikkisaa).
Gammachuun (2003) Sirboota aadaafi kan ammayyaatti qooduun ibse.

2.3. Yaadrimee Oromummaa


Oromummaan utubaa eenyummaa Oromooti. Oromummaan aadaa, afaan, duudhaa, seenaafi
xiinsammuu Oromoo qabaatanii ittiin jiraachuudha.

Oromummaan ilaalcha sabboonummaa karaa bilisummaa Oromoo saaquudha. Oromummaan


akka ilaalcha seenaa, aadaa, siyaasaafi sabboonummaa Oromootti daandii bilisummaa saaqa.
Daandiin bilisummaa kunis wanta Oromoon marti wal wajjin qaban irratti ijaarama. Kana
malees Oromummaan ilaalcha ittiin mootummaafi dhaabbattoota koloneeffattootaa Oromiyaa
keessa ittiin buqqisuun danda’amuudha. (Asafaa, 2015)

Akkuma yaada hayyuu kanaatti Oromummaan aadaa, seera, afaan, duudhaafi jireenya Oromoo
beekanii ittiin jiraachuudha. Oromummaan sirnaafi safuu Oromoon ittiin qajeeleefi waljala
deemee jiraatuun hordofanii, qajeelaniinii jiraachuudha. Miira sabni kun qooddatu waliin
qooddachuudha: gadda, gammachuu, mufii, bilisummaa, garbummaa, rakkoofi bal‟oo Oromoon
qooddatu qooddachuudha. Karaa tokkummaa Oromoo deeggaranii sirnaafi qaama Oromoo
10

gabroomsu qolachuudha. Waan Oromoo kutaa, amantii, gandaafi gareetti qoqqoodu, didanii
tokkummaafi walfaanommii Oromoo dagaagsuu, ijaaruufi tumsuutu Oromummaadha.

Akkuma Oromummaan, aadaadhaan, hafuuraan, ayyaaneffannaafi seenadhaan hammatamee


ibsamu eenyummaan Oromoos dhiheenyuma kana Oromoota hedduu keessatti roga adda addaan
deebi‟ee dhagahamaa jira. (Asebe, 2018). Guutaan, (2019), “Oromoo ta‟uun Kennaa Waaqaati.
Oromummaan garuu beekanis ta‟ee osoo hin beekiin jireenya filannooti. Mul‟istuu eenyummaa
Oromoo keessa kan dandeettii filachuu dhala Oromoo ol ta‟e dhiigaan Oromoo ta‟anii dhalachuu
yookiin erga dhalatanii jijjiiruu danda‟uu q

ofa” jechuun Oromummaa hiika. Akka ibsa hayyuu kanaatti, Oromummaan gocha, ilaalchaafi
jireenyaan ibsama. Oromoo ta‟anii dhalachuun fedhiin kan hin argamne ta‟ullee, Oromummaan
garuu dhiigaan Oromoo ta‟uu qofaan kan argamu miti.

Oromummaan ilaalcha, safuu, seenaafi duudhaa sirna Oromoo ganamaa beekuudha.


Dabalataan, Oromoo humna siyaasaa gonfachiisuun bilisummaa ilaalcha namummaafi gareef
kakaasunis Oromummaadha. Sababni isaas Oromummaan Dhiiga, ilaalcha, seenaa, aadaa,
afaaniifi fedhii ummata Oromoorraatti malee gandummaafi laga irratti hin ijaaramu.
(Gazahaany, 2020)

Yaada hayyootaa kanarraa kan hubannu egaa Oromummaan waan guutummaa jireenya Oromoo
ibsuun faayamanii argamuudha. Kana jehuunis aadaa, afaan, seenaa, duudhaa, safuufi seenaa
Oromoo keessatti qooda tokko taphachuudha yookiin ittiin jiraachudha. Oromummaan, dhiiga
Oromoorraa dhalatanii maqaa Oromoo moggaafachuu qofa osoo hintaane, qabeenya walee
Oromoon qabu waliin qabaachuufi seeraaf sirna isaatiin abboomamanii buluudha.

Akka barreessitoonni habashaafi wabeeffattoonni isaanii Oromoofi Oromummaa balleessuuf


seenaa Oromoo jallisanii, xureessanii addunyaatti himuuf yaalan osoo hin taane Oromoon saba
eenyummaa, aadaa, duudhaa, afaaniifi seenaa ofiisaa qabu kan Oromummaa isaatti booneefi
gammadee jiraatudha. Oromummaanis qabeenya walee saba kana utubee dhaabe qabaachuufi
kunuunsanii jiraachisuullee hammata jechuudha. Kunimmoo dhiigaan dhalachuunii qofa osoo
hintaane guddifachaafi moggaasanillee isa argamu, karaa bilisummaa saba kanaaf kan ittiin
dhaabbatan, rakkoofi bal‟oo sabichaas kan ittiin qooddatan miira jireenya Oromoo miiressuudha.
Kana jechuun, Oromummaan Oromoo waliin bu‟uurame, lafa Oromoon jirutti kan jiraatudha.
11

2.4. Sirna Gadaafi Oromummaa


Yeroofi iddoon eegallii isaa mirkanaa'u haa dhabu, Sirni Gadaa sirna ittiin bulmaata ummata
Oromoo ta'uun eenyunuu kan walfalmisiisu miti. Sirnichi rogaawwan jireenyaafi dhala Oromoo
kamiyuu kan hammatu yoo ta'u, osoo Oromoon irree mootota habashaa jalatti hinkufin
bulchiinsa waliigalaa saba kanaa akka ture seenan ragaadha. Asmarom (2006), Gadaan sirna
Dimokiraasii ajaa'ibsiisaa Oromoon kalaqame, siyaasa giddu galeessaa kallattii siyaasaa,
mootummaafi murtii seeraa keessatti mirkaneessan ummata mara hirmaachisee kan hojiirra oolu
akka ta'e hima. Sirni kunimmoo sababa quubsaarrattifi cehumsa seeraa irratti waan hundaa'eef
rakkoo Afrikaas ta'ee iddoo kamittuu dimokiraasii mudatuuf fala cimaa akka ta'es hayyuun kun
ni eera.

Mahaammad (1990), Gadaan hiikaafi yaada bal'aa hammate ta'uu ibsuun falaasama gurraacha
Afrikaa kan Oromooti jedha. Antoonii Di Abbadiyee (1880), mirgiifi bilisimmaan ilmi namaa
qabu inni dhugaa kan sirna kamuu keessatti hin mul'anne as keessatti argama jechuun
dimokiraasummaa Sirna Gada ibsa. Kitaabni Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa Hanga
Jalqaba Jaarraa 20ffaatti jedhus, qabxiilee kanneen giddu galeeffachuun sirna Gadaa amaloota
mataasaa akka qabu, cimaafi walxaxaa Oromoon kalaqame ta'uu ibsa. Amaloonni kunniinis:
gurmaa'insa sadarkaa umrii, jaarmiyaalee bulchiinsaa, aangoo diriiraafi ijaarsa sirna mootummaa
akka ta'an lafa kaa'a.

Dabalataan kitaabni Sirna Gadaa: Siyaasa Oromoo Tuulamaa jedhu kan Biiroo Aadaafi Turizimii
Oromiyaan (2007) barraa'e Gadaan meeshaa guddaa seenaa fagoofi dhihoo xiinxaluufi seenaa
Oromoo baruu nu dandeessisuudha jechuun hammattoo roga jireenya Oromoo hunda ta'uusaa
ibsa. Dabalataanis, Gadaan jaarmiyaalee bifa adda addaan hundeffaman kan of keessatti
hammate sirna guutuudha jechuunis yoo ibsu jaarmiyaaleen kunniin hawaasummaa, siyaasaa,
dinagdee, amantiifi kanneen biroollee hammatamoo akka ta'an eera. Akka qabeenya waloofi
riqicha Oromummaatti yoo ibsus, jechama manguddootaa "Oromoon balbala yookiin gosaan
osoo hin ta'in Gadaan walitti duuddi yookiin dhufti" jedhutti dhimma baha. Yaada hayyoota
biyya keessaas ta'ee kan alaa kanarraa wanti hubatamuufi hin haalamne Oromoon saba sirna
mataa isaa kan saboota biroofillee fakkeenya gaarii ta'u kalaqatee ittin walqajeelchu, safuufi
seera uumaa tiksuun dimshaashumatti waliin jireenya isaa ittiin gageeffatu qabaachuudha.
12

2.5. Seera Gadaa Oromoo


Akkuma beekamu hawaasni tokko adeemsa waliin jireenyaa isaa keessatti wanta ittiin walto‟atu,
qajeelchuufi daangaa fedhiifi humna walii keessatti ittisuun qabaachuun dirqama. Yoo kun
hinjiraanne waliin jireenyi mataan isaa hinjiru. Kanaaf, Oromoonis sirna bulchiinsaa isaa
keessatti seerota adda addaa tumachuun ittiin jiraachaa ture. Seeronni kunniin akka kan
mootummoota adda addaa barreeffamaan hin taa‟in malee osoo biyyoonni kamuu qindoominaan
seera tokko jalatti buluu hinjalqabiniyyuu Oromoon seera baafatee bulaa akka ture seenaan ni
kaasa.

Adeemsa keessa heerri kun gara Seera Gadaatti waan jijjiirameefis seerri Gadaa seera uumamaa
yaadota amantii irraa madde jedhamuun beekama. Seera Gadaa osoo hin jedhamin dura Seera
Uumaa ganamaa yookiin Seera Walaabuu jedhamuun akka waamamaa ture kitaaba Gadaa
Siyaasa Tuulamaa jedhu keessatti ibsamee jira. Kanaaf Seerri Gadaa tokko cabe jechuun namni
sun hawaasa keessatti Seera Waaqaa akka cabseetti lakkaa‟ama. Seerri bulchiinsa Gadaa gama
amantiinillee kan ilaalamuudha. Gama kanaan qaalluun akka nama seera Waaqaa namoonni qixa
sirriin hojiirra oolchuu isaanii to‟atuutti waan fudhatamuuf Seerri Gadaa kunis akka hojiirra oolu
Abbootii Gadaatiin yeroo itti waliin dhufeenya horatanis ni jira jechuudha. Erga seera Gadaa
jedhamee wiirtuu tokko jalatti tumamee asitti marsaa Sirna Gadaa hordofuun waggoota saddeet
saddeetiin caffeetti dhihaatee haaluma jijjiirama jiruufi jireenya sabichaatiin fooyya‟aafi
tumamaa kan ture ta‟uus kitaabileen seenaa hedduun ni eeru.

Seerri Gadaa safuu uumaafi mirgoota uumama kamuu ofkeessatti kan hammateedha. Lafa
kanarratti hariiroo, safuufi hooda dhalli namaa uumaa isaanii waliiniifi uumama lafa kanarra jiru
hunda walin qabaachuu qabu kan hammateedha. Waaqaa hanga namaa, bineensaa hanga ilbiisaa,
mukaa hanga margaa, biyyaa hanga biyyootti jechuun uumamni heera kana jalatti hin tikfamnes
hinjiru. Seeronni Gadaa Oromoo uumama hundaaf waan tumamaniif ni heddummaatu. Akka
fakkeenyattis seera waaqaa, lafaa, horaa, caffee, loonii, fardaa, biqiltuu, bineensaa, gumaafi kan
kana fakkaatan kaasuun ni danda‟ama.
13

2.6. Karaalee Sirni Gadaa Ambaaf Oromummaa Kennuun


Akka kitaabni Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa Hanga Jalqaba Jaarraa 20ffaa tti jedhu
ibsutti sirni Gadaa nama Oromoo hintaanellee falaasama jiruufi jireenya Oromoo fudhachiisuun
haala Oromoomsuun qaba. Kunis karaa meedhacha hidhachiisutiin akka ta‟e kaa‟a. Meedhachi
kun karaalee gurguddoo lamaan raawwata. Isaaniis guddifachaafi moggaasadha.

2.6.1. Guddifachaa

Kitaaba Siyaasa Gadaa Tuulamaa jedhu keessatti guddifachaan namni dhala hinqabne tokko kan
obboleessa isaa fudhatee ilmoo ofii taasifachuun kan guddisu ta'ee eegalus adeemsa keessa suuta
suutaan haguma babal'achaa deeme namoonni dhala dhaban daa'imman saboota biroo Oromoon
ala ta'an guddifachuun akka jalqabame ibsa. Ilmoon guddifachaa akkuma ilma gudeedaatti
ilaalama. Kana jechuun ilmoo ofiirraa adda qoodanii ilaaluun dhorkaadha. Seeraafi qooda ilmi
gudeedaa qabu waliin walqixa qooddata.

Adeemsi kun gosoota Oromoo hedduu biratti fudhatama dhabuufi mormii kaasaa turuus kitaaba
kana keessatti caqafameera. Hoggantoonni gosaafi guddisaallee dhimma kana seera qabeessa
gochuurratti rakkachaa turaniirus jedha. Ta'us adeemsi guddisaa kun bakka obbolaa, wasiillan,
gosaafi balbala irraa ilmoon guddifatamu dhabametti yookiin didametti hojiirra ooluuf seerri
Gadaa mirga kan kennu akka ta'e kitaabicha keessatti caqafameera.

2.6.2. Moggaasa

Karaan Oromoomsuu inni lammaffaan immoo gosni Oromoo hintaane lammii Oromootti
moggaafamanii gosa Oromoo itti moggafaman sana kan himataniidha. Kunis moggaasa alagaa
jedhamee beekama. Akka sirna moggaasatti namni ormaa gara Oromootti dhufe tokko fedhiifi
jaalala isaatiin waan madaqfamuuf gosa isa moggaafaturraa mirga siyaasaa, hawaasummaa,
dinagdeefi kan biroos qixuma miseensota gosaa argata. Akka kitaabni siyaasa Gadaa Tuulamaa
jedhu ibsutti moggaasni haalota lama: kooluufi boojuuf raawwatama.

Kooluun adeemsa namoota sababoota garaa garaan iddoo jireenya isaanirraa buqqa‟anii
dahannaaf gara saba Oromootti dhufaniif bakkaafi mirga kennuu kan hammatuudha. Kooluu
14

keessatti namootni oromootti makamuuf fedhiidhan gaaffii yoo dhiheeffatan dhimmi namoota
sanneenii hanga lafa isaan irraa dhufaniittuu deemamee qoratameetu eeyyamamaaf malee
callifamee kan fudhatamu hin turre. Boojuun wal waraansa Oromoofi saboota biraa keessatti
nama waraanaan qabame yookiin harka kennateedha

2.7. Warraaqsaafi Sirba


Warraaqsi sosochii hawaasaa jijjiirama saffisaa, murteessaafi jeequmsa baratamaa sona
hawaasaa baratame keessattii, dhaabbilee siyaasaa, caasaalee hawaasaa, hoggansa, hojiileefi
imaammata mootummaarratti taasifamuudha. (Huntigton, 1968). Akka Calvert, (1970) hiikuu
yaaletti warraaqsi dhugaa hawaasaa lafa jiru hammatullee caalatti garuu aarii gareefi qaamota
hawaasaa muraasaa kan calaqqisiisudha. Akka yaada hayyuu kanaatti warraaqsi karaa fincilli,
jeequmsiifi walwaraansi hawaasaa akka uumamu ittiin dadammaqsani.

Sirbootni warraaqsaa sirboota fincila siyaasaa keessatti hirmaannaa hawaasaa dabaluufi


sissi‟eessuuf sirbaman akka ta‟etti dhiheessa. Warraaqsi sochii dhuunfaa caalaa garee hawaasaa
hammatee jijiirama wahii fiduuf bifa xiiqii qabuun kan gaggeeffamuudha. Saayinsii siyaasaa
keessatti warraaqsi dammaqiinsa hawaasaa kan jijjiirama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa
saffisaafi dhugaa fiduudha. (Coccia, 2019). Warraaqsi haalaafi dhiibbaa yookiin gadi qabaa
kanaan duraan irra ture jalaa bahuuf dammaqiinsa waliinii fooyya'iinsaafi bu'aa walinii
argamsiisuuf taasifamuudha.

Lynskey (2011) Sirbootni warraaqsaa karaa miira dhuunfaafi hawaasaa olkaasaniifi garee
namootaa ijaaruun siyaasa biyya tokkoorratti mormiif itti dadammaqsani jechuun ibsa. Kana yoo
jedhus, riqicha sadarkaa qabsoo hawaasaa gara olaanatti fidaniiniifi tokkummaa kan ittiin ijaaran
akka ta‟es ni eera. Ummatni Afrikaa kolonii jalaa bahanii aadaafi birmadummaa isaanii
deebifachuun bilisummaa gonfachuuf sirboota isaanitiin wal dadammaksanii falmachaa turan.
(Kasule, 2013 fi Chikowero, 2015). Taaxaq (2021), sochii qabsoo Oromoo kan bara 2014-2018
keessatti sirboonni warraaqsaafi diddaa heddumminaan gadi dhiifamuu ibsa. Dabalataan,
Habtaamuun, (2019) jijjiiramaafi dammaqiinsa siyaasaafi tokkummaa ummatni Oromoo yeroo
sana fide keessatti gaheen sirboota guddaa ta‟uu eera.
15

2.8. Mil’uufi Oromummaa


Galmee jechootaa Afaan Oromoo, (2017) irratti mil'uun karaa waan tokko waa keessatti ittiin
ilaalan yookiin waa keessatti waa mul'atuun ta‟uutti hiikame. Wanti tokko akkaataa ittiin jiru,
hammam akka jiru, mul‟annaa wantichaa xiyyeeffannoofi qalbiin ilaaluu yookiin wantumti sun
addatti bahee mul'achuudha. Argamni sunis hawwattummaan uumamaa kan xiyyeeffannoo
qaama mil‟atuu ofitti harkisu hammata

Asafaan (2015), Oromummaan maatii Oromoo irraa dhalachuufi Afaan Oromoo dubbachuu
qofatti kan daangeffamuakka hintaane eera.. Oromummaan roga siyaasaa, hawaasummaa,
dinagdee, afaan, duudhaa, safuufi jireenya ummata Oromoof dhaabbachuufi kunuunsuu of
keessatti hammata. Oromummaan ilaalcha namummaafi walqixxummaa Oromoon falaasama
isaa keessatti horate qabaatanii dhugaa ummatichaatti waliin jiraachuudha. Mil‟uun Oromummaa
ibsituuwwan Oromummaa yookiin calaqqee eenyummaa Oromoo barbaadaniifi gadi fageenyaan
xiinxalanii bira gahuudha. Qorannoo kana keessattis mil‟uun kan bakka bu‟u karaa eenyummaan
Oromoo ittiin calaqqeessifamee jiru oguma kana keessaatti xiinxalanii bira gahuudha.

2.9. Oromummaa Sirbootaan Ibsuu


Sabni kamiyyuu oguma isaatiin eenyummaa isaa calaqqisiifata. Oguma keessaa immoo sirbi
tokkodha. Ogumi kun bu‟uuruma hawaasummaarraa kan ummatni miira keessa isaa baasee
ibsataanii ture yoo ta‟u adeemsa keessa gara kalaqa weellistootaafi leenjiin deeggaramuuttis
guddataa dhufe. Asafaan (2015), artistoonni sirba isaanitiin aadaa, jireenya, miira, mormiifi
sosochii hawaasaafi garee isaanii calaqqisiifatu jedha. Oromoonis osoo gara sirboota walaloo
barreeffamaan qindaa'anii meeshaalee ammayyaafi leenjiin tumsamanii weellistootaan
waltajjiiwwan irratti hin sirbaminiifi waraabamin sirboota aadaa fookiloorii jalatti
hammatamaniin dhagahama keessa isaa ibsachaa tureera. Haaluma kanaan adeemsa guddinaafi
dagaagina jireenya ilma namaatiin adadumaan ogumaanis jijjiiramaa, fooyya'aafi guddataa
adeemun sirboonnis bifa ogbarruutinis dhihaachuu eegalan malee saba kana waliin kan turan
ta'uu ni hubatama.

Kanarraa kaanee Oromoonnis sirboota hawaasaa kan aadaa keessattis ta'ee kanneen
weellistootaan qindaa'anii dhihaataniin Oromummaa isaaniin boonuufi eenyummaa isaanii
jaalachuu ni agarsiisu. Keessattuu qabsoo isaanii kaleessaa hanga har'aa keessatti sirbootni
16

tokkummaa sabichaa ijaaruufi of barsiisuu keessatti meeshaa olaanaa sabboontonni dhimma itti
bahaniidha. Kanas hayyoonni adda addaa ragaa bahu. Gammachuun (1996), Oromummaan haala
jiruuf jireenyaafi dammaqiinsa hawaasaa kan jecha afaaniffaatiin jiraataa dhufe, miiressa waloon
qooddataniidha waan ta‟eef sirboonni Oromoo calaqqeewwan Oromummaan haguugamanii
dhihaatu jedha.

Sirboonni dhiheenya keessa tarsiimoo miidiyaa hawaasaa fayyadamuun eenyummaa ofii kan
ibsataniin, meeshaa dargaggoota ittiin dadammaqsaniifi mirgoota dhala namaaf ittiin lolaniidha.
(Taaxaq, 2021). Hayyuun kun yaada isaa kana akkas jechuun fakkeenyaan deeggara. Bara 2014-
2018 sirboonni fincila diddaa garbummaa jajjabeessaniifi dargaggoota sissi'eessan hedduun
Afaan Oromootiin osuma seeran dhoowwamanuu bahaniituma qilleensarra oolaa turan.
Hanguma dhiibbaan jabaatun lakkoofsi sirboota bahaniis heddummaachaa deeme. Humnoonni
waraanaa bilbila dargaggootaa funaanuun sirbootaafi suuraalee isaan qaban sakatta'uun tarkaanfii
fudhachaa turan. Weellistoonnis ari'atamaa, reebamaafi hidhamaa turan. Kunis ilaalcha, aadaafi
eenyummaa dhuunfaafi saba isaanii waan dhageessisaniifidha jedha. Asafaan (2018). Deebiin
dhaloonni kun gaaffii bilisummaaf karaa aartiifi sirbaatin kennan fakkeenya gaarii tarkaanfii
qabsoo Oromiyaa keessati. Sirboonni siyaasaa Oromoo madda dhugaa warra jaalala nagaafi
barbaacha bilisummaaf yaadaniifi dhaabbataniiti jechuun kaa'a.

Sirboonni Oromoo ofkeessatti eenyummaafi Ergaa Oromummaa baatu. Kana malees baay’ee
dhama qabeeyyiidha. Gosoota sirbaa heddutti ramadamuufi namoota hedduun taphatamuu kan
danda’an ta’anillee, wanti addaa tokko kan yeedaloo, ergaafi sirboota sanniin walitti hidhu jira.
Hidhamiinsa kanas akka Oromoo dhugaa ta’uuttin fudhadha. Hanguma keessa gadi seenanii
ilaalaniin jechootni hedduun kan sirboota sana adda taasisan mul’atu. Sababa hiikaa yeedaloo
sanaatiif sirboonni sun Oromoo tolchanii Oromummaa ibsan. (Grew, 1999)

Egaa yaada hayyoota kanaarraa wanti hubannu Oromummaan dhiiga qofa osoo hintane, miira
jireenyaa saba kanaa qabaachuu waan ta‟eef wantoonni oguma Oromoo keessatti dhihaatan foolii
Oromummaa urgaa‟anii mil‟uu isaa calaqqisu. Wanta weellistootni alalaasan qofa osoo hintaane
haalliifi gochi isaaniis Oromummaa kan ibsuudha.

Weellistoonni Oromoos durirraa kaasee hanga har'aatti sirboota isaanii calaqqee Oromummaan
gonfuu bira darbanii ifatti baasanii sirboota isaanii keessatti waa'ee Oromummaa baay'inaan
alalaasu. Oromummaan maala akka ta‟eefi miira qabaniif, akkasumas, dhiibbaa maqaa
17

Oromummaan saba Oromoorra gahu sirbootaan himaa as gahan. Daawwitee Mokonnin


Oromummaakoo nan jaaladha jechuun sirbe. Asaantii H.Tufaa dhiibbaa oromoorra jiru
Oromummaan kankoo yakka ta‟e jechuun alalaastee addunyaaf himteerti. Dabalataan
weellistoonni Oromoo kanneen akka Hacaaluu Hundeessaa, (2009) “Oromummaasheen jaal‟e;
eenyummaasheef duutii…, Jaagamaa Taaddalaa (2017) “Oromummaan dhiiga fooniif
dhaloota…”, Ittiiqaa Tafarii (2017), “Oromummaan x2…” Seenaa Hayiluu (2021),
“Oromummaan Haadaa…”fi kanneen biroollee Oromummaarratti ijjannoofi hubannoo isaanii
sirbaan ibsatanii jiru.

Walumaagalatti weellistoonni Oromoo bu‟uura artii saba kanaarraa jalqabanii hanga har‟aatti
sirboota isaanitiin eenyummaa, aadaa, safuu, sirna, amantii, akkasumas bal‟oofi rakkoo sabni
Oromoo keessa tureefi jiru ibsuurraa of duuba hin jenne. Weellistoota Oromummaa jechuun
sirbanin akka fakkeenyatti kaase malee sirboonni Oromoo calaqqeewwan Oromummaa qaban
kana qofa jechuu miti. Seenaa sirboota Oromoo keessatti Oromummaan waan har‟a alalaafamuu
jalqabe yookiin, miira xobbee miti. Oromummaa sirbaan ibsuun kan eegalame yeroo Oromoon
sirba jalqaberraati. Sirnoota bulchiinsaa biyya kanaa dhufanii darban keessatti garuu
Oromummaan akka yakkaatti waan ilaalamuuf Oromoonni Oromummaa isaanii leellisan, ittiin
boonaniifi ibsachuuf tattaafatan ari‟atamaa, hidhamaa, dararamaafi ajjeefamaa miirrifi hamileen
Oromummaa garuu dagaagaa har‟a gahe. Haaluma kanaan, sirbootni Oromoo Oromummaa
hiikuufi ibsuun hubannoo cimsuuf, dhaloota dadammaqsuu, barsiisuufi qaruu keessatti qooda
guddaa kan taphachaa turaniifi jiran tahuun wal nama hin falmisiisu

2. 10. Yaadxina Qorannichaa


Yaadxinni hojii qorannoo kanaaf filatame Qaaccessa Qeeqa waallee Ogumaa (Ciritical discourse
Analysis)dha. Innis, yaadxina waallee afaanii kan afaan akka bifa shaakala hawaasaatti ilaalurraa
garee hayyoota muraasaan naannoo bara 1990 madde. Vaan Dijkii (2006:252), akka jedhutti,
waliigaltee fi kaka‟umsi qaaccessa kanaa fedhii dhmmootni hawaasaa dhiibbaa keessa jiran
hubachuuf jirurraa burqe. Yaadxina kana keessatti qorattonni kan irratti dhimmamuu qaban
gaaffilee: Hafeen akkamitti dhihaate? Dhiyaannaa kanaan fedhii eenyutu eegamee kan eenyutu
dhiibame? Dhiibbaan dhiyeessichaa maali? jedhan irrattiidha. Akka Fairclough (1989, 1995)
jedhutti, modeeliin qaaccessa qeeqa waallee ogumaa dhimmoota walitti hidhatoo sadii: Wanta
qaacceffamu (hafee), haala hafeen dhiyaateen akkasumas, haala hawaas-seenaa irratti ijaarama.
18

Rogersiifi kanneen biroo (2005:368) yaadxinni waallee waliigalaan dhimmoota sirna hawaasaa:
aangoofi haqa akkasumas karaalee dinagdee, sanyii, gita, saala, amantii, barnootaafi fedhii
saalqunnamtiin hawaasummaa, ijaaran, horsiisan yookiin jijjiiran xiyyeeffata.

Kanarraa kan hubatamu, bu‟uurri yaadxinni waallee ogumaa qaaccessa hafeewwanii,


walquunnamtiileefi raawwiwwan hawaasaa sadarkaa dhaabbilee naannoofi hawaasawaatti
jiraniidha. Akka hayyoonni kun jedhanitti hariiroo namootaafi gareewwan isaanii gidduu jiru,
eenyummaa hawaasaa, beekumsaafi duudhaa isaanii, sirnaafi dhiibbaa giddu galeeffachuun
gama kanaan xiinxalama. Innis qaaccessa sababoota bu‟uuraafi bu‟aa dhimmoota yeroo
dheeraati. Kanaaf, qorataanis hariiroo gadi fagoo hafeewwan sirboota Keekiyyaa, hawaasaafi
aadaaf xiyyeeffannoo kennuun jechoota barreeffaman yookiin dubbataman dubbisuufi
dhaggeeffachuun eenyummaafi jireenya hawaasaa gadi fageenyaan hiikuu, xiinxaluu, qeequufi
ibsuu yaadxina kanatti dhimma baheera
19

3. XIINMALA QORANNICHAA
Boqonnaa kana jalatti kanneen ibsaman qorannoo kana geggeessuuf mala qorataan fayyadamee
kan ilaallutaadha. Isaanis: saxaxa qorannichaa, mala qorannichaa, madda ragaa qorannichaa,
irraawwatama qorannichaa, iddattoo qorannichaa, meeshaalee funaansa ragaalee, adeemsa
funaansa ragaalee, mala qaaccessa ragaalee fa‟a.

3.1 Saxaxa Qorannichaa


Saxaxa qorannichaa murteessuuf qorannichi maal kaayyeffata kan jedhu ilaaluun
barbaachisaadha. Haaluma kanaan qorannoon kun sirboonni kunniin akkaataa ittiin Oromummaa
ibsan yookiin Oromummaan sirboota kanneen keessatti akka itti mul‟ate ibsuurratti xiyyeeffata.
Kanaafuu saxaxni qorannoon kun ittiin gaggeeffamu akkamtaa keessaa qorannoo qaaccessa
qeeqa waallee ogumaati. Sababni saxaxni kun filatameefis ragaaleen qorannichaaf funaanaman
jechootaan malee gabatee, giraafiifi kan biroon ibsamuu waan hindandeenyeefi.

Kan gadi fageenyaan xiinxalamu hafee oguma kanaa kan walaloon qindaa‟ee dhihaatee
dhaggeeffatamuufi dubbifamuudha. Kanaaf irra deddeebiin dhaggeeffachuufi walaloo sirbichaa
dubbisuun kan xiinxalamu ta‟a. Xiinmala kana filachuun kan barbaachiseefis qorannoon kun kan
irratti gaggeeffamu oguma. Ogumi immoo shallaguufi lakkaa‟uu caalaa ibsuu, seenessuu,
calaqqeessisuufi addeessuu xiyyeeffata. Kanaaf qorannoon ogumaa kun lakkoofsaan hanga,
si‟aafi baay‟ina taatewwanii ibsuu osoo hintaane miira, ergaa, haalaa fi tajaajila oguma sanaa
jireenya hawaasaan walqabsiisee jechootatti dhimma bahuun gadi fageenyaan waan ibsuuf
xiinmala kanaan gaggeeffamuutu irra jiraata.

3.2. Madda Ragaa Qorannichaa


Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa (primary source of data) irratti kan
xiyyeeffateedha. Sababni madda ragaa tokkoffaa ta‟eefis, sirbootni kunneen sagaleedhaanis ta‟ee
walaloon isaanii kanuma weellisichi dhimma itti bahetu kallattiin dhaggeeffatameefi
barreeffamee xiinxalame. Kana jechuunis, kan qaamni biraan kanaan dura fayyadamee
ogummaafi yaada isaa irratti ida‟ee kallattii hubateen xiinxala ofiitin qopheesserraa qaama
sadaffaan kan fudhatame miti. Ragaan funaaname sun yaadiddama, hiikaafi xiinxala qorataan
biraa kanaan dura lafa kaa‟e osoo hintaane hojiidhuma weellisichi qindeessee dhiheesse sanadha
20

Kanaaf, qorataan qorannoo kanaa sirboota kanneen waraabuun (buusuun) dhaggeeffachuufi


walaloo sana barreeffamatti jijjiiruun kallattumaan kan xiinxaleedha.

3.3. Iddattoofi Mala Iddatteessuu


3.3.1. Iddattoo Qorannichaa

Idattoon qorannoo kanaa sirboota Keekiyyaa Badhaadhaa keessaa kanneen "Dhugaa baas",
"Barraaq" fi “Warri kam” jedhamaniidha. Keekiyyaan sirboota albamaafi qeenxee hedduu
baasera. Sirboota kana hunda qaaccessuun barbaachisaa ta‟us, sababa galumsaafi ergaa addaa
addaa of keessaa qabaniif hunda bakka tokkotti qorannoo irratti gaggeessuun ni ulfaata.
Yaaduma kana kan cimsu sirboota hedduu irratti qorannoo adeemsisuun ulfaataa ta'uurra
darbeeyyuu, qorataan tokko qorannoo isaa yemmuu geggeessutti odeeffannoo funaanuuf
rakkisaa waan taheef iddattoo filatame bu‟uura godhachuun argannoo isaa qaamolee dhimmichi
ilaallatu maraaf oolchuuf iddattoo filachuun barbaachisuu Addunyaan (2011:65) ibseera. Kanaaf
sirboota weellisichaa keessaa kan warraaqsaa qofa ta'anii kanneen Oromummaan maal akka ta‟e
hiika kennaniifi ulaagaa Oromummaa kan himan iddattoo qorannoo kanaa ta‟an. Iddattoo kana
filachuufis qorataan sirboota Keekiyyaa mara dhaggeeffachuudhan kanneen dhimma qorannoo
kanaatiin caalatti hidhata qaban (walqabatan) kan adda baafateedha. Kunimmoo walaloo sirboota
sanaa keessatti Oromummaan kan waamameefi ibsamuuf kanneen yaalame ta‟an jechuudha.

3.3.2. Mala Iddatteessuu

Qorannoo kanaaf qorataan mala iddatteessuu carraanalaa keessaa, iddatteessuu kaayyeffataatti


dhimma ba‟e. Sababni mala kanatti dhimma bahameefis, ragaan qorannichaaf barbaachisu hafee
ogumaa sana keessaa kan funaaname yoo ta‟u, hafeen kunimmoo dhimma qoratamu yookiin
Oromummaaf hiika kennuurratti fuulleffachuu isaatu ilaalamee filatame. Kana jechuunis,
qorannoon kun xiinxala hafee ogumaa waan ta‟eef, iddattoowwan dhimmichaan walqabatan
sirboota Keekiyyaa keessaa dhaggeeffatamaniifi sirriitti hubatamanii fo‟amuu barbaachisa malee
kan qaama biraarraa iyyaafataman yookiin carreeffamanii filatamuu danda‟an miti. Kanaafuu,
qorannoon kun kaayyoowwan isaa haala sirboonni kunneen rogaawwan Oromummaa mul‟isuufi
hiikuu hammatan addaan baasuun xiinxaluufi ibsuuf mala odeeffannoo funaansa sakatta‟a sirbaa
gochuun qorataan qorannoo isaa geggeessera.
21

3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee


Qorannoon kun kan irratti gaggeeffame hafee ogumaati. Kana jechuunis, walaloo sirbaa irratti.
odeeffannoowwan barbaachisan funaanuuf walaloo sana dhaggeeffachuunis ta‟ee barreessuun
xiinxaluun dirqama ta‟e. Kanaafuu meeshaalee funaansa ragaalee qorannoo akkamtaa keessaa
kan qoratichi dhimma itti bahe qaaccessa qabiyyeewwan hafee/xiinxala bardubbii (discourse
analysis) ture. Sababni isaas, wanti walaloowwan kanneen keessatti ibsame kan hubatamuufi bira
gahamuu danda‟u qaama biraa gaafachuun osoo hintaane irra deddeebiin dubbisaniifi
dhaggeeffatanii hiika itti kennuun yookiin ibsuudhani. Adeemsi qorataan ragaalee kanneen ittiin
funaane immoo, sirboota iddattoof filate kanneen „you tube‟ irraa buusuun dhaggeeffachuufi
walaloo isaanii tartiibaan barreesuun qoqqooduu fi hiikuun ture.

3.5. Mala Qaaccessa Ragaalee


Ragaalee sirboota warraaqsaa Keekiyyaa Badhaadhaa kan sagaleefi barwalaloo irraa funaanaman
mala akkamtaa keessaa qaaccessa haasbarruutti dhimma bahuunin qaaccesse. Sababni malli
qaaccessaa kun hojiirra oolefis, ragaaleen funaanaman Oromummaa, ulaagaa Oromummaafi
qooda artistoonni Oromummaa tiksuu keessatti bahan jechaan ibsu. Kanaafuu jechoota kana
dubbisuufi dhaggeeffachuun hariiroo hafeen kun jireenyaafi raawwiwwan hawaasaa guyyuu
waliin qabu qaaccessuutu barbaachise. Kana keessattis hiikkaafi miirri jechootni sirboota
kanneen ijaaran baatan gadi fageenyaan kan ilaalaman seenaa, aadaafi haala jireenya hawaasaa
walitti hidhamaniiti. Adeemsi isaas ragaalee walaloo sirbootaa barreeffamerraa funaanaman
duraa duuba gaaffilee bu‟uuraa giddu galeeffachuun qaaccessee gara argannootti fuduudhani.
Ogumi as keessatti qoratames waldhabbii gita irree qabuufi gita cunqurfamaa jidduu jiru
ogbarruun dhugaafi haala qabatamaa akkatti agarsiisu kan xiyyeeffatu falaasama Markisiizimiitti
dhimma bahuun raawwate.

3.6. Naamusa Qorannichaa


Qorataan qorannoo kanarratti sirbootaafi ragaalee hojichaaf barbaachisan haala naamusa
qorannichaa eeggateen funaanuun, irra deddeebiidhaan dhaggeeffachuufi ilaaluun hanga isaaf
danda‟ametti gad fageenyaanis xiinxaleera. Ragaaleen qorannoo kanaa yeroo funaanaman
sirbootni kunniin waan hammataniifi dhimmoota irratti bu‟uureffamaniin alatti miiraa fi fedhii
dhuunfaa qorataa irraa bilisa taasisuun naamusa qorannoo kanaati. Kana malees, haalliifi
22

jechootni qorannoon kun ittiin qindaa‟e safuu hawaasaa akka hincabsinettiifi saayinsii qorannoo
eeggachuun kan raawwatameedha. Haaluma kanaan, qorataan hojiilee isaa kan hiika itti laateefi
dhiheesse bu'aa qorannichaatis bifa dhugaa irratti hundaa' eefi karaa seera qabeessa ta‟een kan
fudhateedha
23

4. QAACCESSA RAGAALEE
Kutaa kana keessatti ragaaleen walaloo sirboota keekiyyaa Badhaadhaa irraa fudhataman rogoota
jireenya saba Oromootiin qindeeffamuun tartiiba gaaffilee bu'uuraa qorannootiin xiinxalamanii
dhihaatan. Keekiyyaan hanga gaafa mata dureen qorannoo kun filatamuutti sirboota qeenxee
seenaa Oromoo duriirraa hanga ammaattiifi ta‟iinsota isaanii ibsan hedduu hojjatee qaba.
Isaaniis, ilaalchaafi hiikkaa Oromummaa, waldhabdee jireenya ummata Oromoo kan kaleessaafi
har‟aa dhiibbaa sirnootni dhufaa darban Oromoofi Oromummaarraan gahan gadi fageenyaan
ibsu. Hojii qorannoo kanaatiif kan dhihaatanis sirboonni sadii filatamanii akka qaaccessaaf tolutti
walaloon isaanii barreeffame koodeffameeti. Koodessuun kunis bo‟oowwan walaloo fudhataman
toora dhumaarratti kan kaa‟ame yoo ta‟u, KB- n Keekiyyaa Badhaadhaa, Q-n sirbichi qeenxeefi
meeqaffaa akka ta‟e akkasumas, kan bara sana bahan tokkoo ol bakka ta‟anitti qubee a/b/c…
jechuun tartiibessuun yaalameera. Kanaaf walaloon sirboota kanneenii iddoofi qabiyyeewwan
keessatti barbaachisanitti caccabsamanii hanga danda‟ametti bifa ifaafi qulqullina qabuun
xiinxalli gadi fagoon haala armaan gadiin irratti taasifameera.

4.1. Oromummaafi Ulaagaa Oromummaa


Oromummaan uwwisa bal‟aa eenyummaa Oromoo qabaachuun kan walqabatu yoo ta‟u,
namootni adda addaa hiika isaa irratti yeroo yaadota garaa garaa dhiheessantu mul‟ata. Yeroo
hedduu Oromummaa hiikurratti yaadotni gurguddoon lama: ta‟umsa yookiin Oromoo ta‟anii
dhalachuudha kan jedhuufi ilaalchaafi raawwidha kan jedhan waldorgomoo ta‟anii dhihaatu.
Yaadni kun gara dirree hojii xiin hawaasatti waan nama geessudha. Ta‟us afaan dirree qorannoo
isaanii keessattis qooda waan qabuufi eenyummaan hawaasaa afaanirraa adda bahee kan hin
qoratamne waan ta‟eef yaadxinoota kanneenin walitti hiinee ilaaluun barbaachisaadha. Kana
jechuun eenyummaafi sanyummaan akka tokkotti tajaajilu jechuu miti.

Akkuma Rogersii fa‟aan (2005) ibsanitti yaadxinni waallee waliigalaan dhimmoota sirna
hawaasaa mara fuulleffata. Ijaarsa hawaasaa dahoo aangoofi haqa akkasumas karaalee dinagdee,
sanyii, gita, saala, amantii, barnootaafi fedhii saalqunnamtiin raawwatu yaadxina qeeqa
ogumaatiin hiikuun barbaachisaadha. Egaa, akkuma yaadxinoota qorannoo eenyummaa
sanyummaa garee piriimoordializimii keessaatti gareen tokko Oromummaa hidda dhiigaatti
hiiku.
24

Dhaloonni keenya aadaa, duudhaa, afaan safuufi haala jireenyaa kan abbootiifi qaccee nu duuba
turanii gonfannee akka jiraannu waan taasisuuf eenyummaan keenyas xurree isaanii kana
hordofuun uumama akka jechuuti. Warri kun eenyummaan hirkattummaa qaamaafi sochii
kamiirrayyuu bilisa ta‟ee uumamumaan kan jiruufi yaa‟insa sanyii dhalootaan kan uumamuudha
yaada jedhu qabu. Namni tokko maatii Oromoorraa erga dhalatee Oromummaan uumamumaan
kan waliin dhalate hidda dhiigaafi itti waamama isaati jechuudha. Kunimmoo namaan, sirnaafi
waan biraan kan kennamuufi mulqamu akka hintaane akeeka. Aadaa, duudhaa, afaaniifi sirna
abbootii ofiitiin jiraatanii seenaa eenyummaa duubaa daddarbaa dhufe tiksuun Oromummaan
jabaa ta‟e qabaachuudha jechuudha.

Gareen biraa immoo Oromummaan gocha yookiin raawwiidha malee dhaloota miti yoo jedhan
yaanni akkasii yaadiddama qorannoo sanyummaa kan Meeshessummaa (Instrumentivism)tti kan
galuudha. Akka yaadiddama qorannoo eenyummaa sabummaa kanaatti eenyummaan sabaas
ta‟ee nama tokkoo gahee bahateefi bu‟aa isaatiin waan argamuudha. Kunimmoo
haguuggiidhuma aadaafi xurree abbootii duubaa jala taa‟anii sochii godhaniifi faayidaa argatan
yookiini argamsiisaniin ta‟a. Keessattuu yaadni kun sochii hirmaannaa siyaasaa kan bu‟uureffatu
fakkaata.

Yaadxinoota qorannoo eenyummaa jiran keessaa kan ijaarsa (Constructism) jedhamu jalatti
immoo xurree hidda dhalootaa caalaa dhimmoota yookiin raawwiwwan jireenyaa siyaasa,
hawaasummaa, iddooleefi akkaatawwan hojiitiin eenyummaan uumama jedhama. Wantoonni
kunneen haala qaamni tokko ta‟uufi fakkaachuu qabu waan murteessanif garee raawwiwwan
kanneen waliin qooddannuun eenyummaa tokko qabaanna akka jechuuti. Kanaaf eenyummaa
aalaqqeewwan keessoo caalaa dhiibbaa alaa hawaasni waliin qooddatuun ijaarama jedhu.

Walumaa galatti ilaalchonniifi hubannoon eenyummaa Oromoo yookiin Oromummaarratti jiran


yaadxinoota kana sadeenuu jalatti waan ramadaman fakkaatu. Addaaddummaa Yaadota
Oromummaa ibsuufi hiikuu irratti jiran kanaaf sababoota garaagaraatu akka ka‟umsaatti
tarreeffamu. Warri Dhimmi kun yeroo dhihootii asitti dammaqiinsaafi sochii qabsoo Oromoo
waliin dagaagaa kan dhufeedha. Kana jechuun Oromummaan dur yeroo Oromoon uumamerraa
kaasee kan ture ta‟ullee ifatti, bal‟inaanifi olka‟ee barreeffamuus ta‟ee dhaadatamuunii kan
jalqabe warraaqsaafi qabsoo Oromootiin walqabatee yeroo dhiheenyatti jechuudha. Kanaan
25

walqabatee Oromummaan dhaadannoofi dhimma ijoo ta‟ee sirboota Afaan Oromoo hedduu
keessatti yeroo hammatamu argina.

Gareewwan Oromoon ala jiraniifi ilaalchaafi hariiroo qajeelaa saba kana waliin hin qabne
dagaagina miira Oromummaa akka yaaddoofi sodaa jireenya saboota biroo keessattuu
habashootaatti hiikuu yaalu. Oromoonnifi kanneen Oromoo waliin hariiroo qajeelaa qaban
Oromummaa faallaa garee duraatiin ibsu. Gama biraatiin Oromummaan Oromootuma ilaalcha
siyaasaa garaa garaa qaban birattuu akka qajeelummaatti fudhatamullee bal‟ina hiikaafi
hubannoo walfakkaataan kan hin ibsamneedha. Ta‟us jechi kun miiraafi jaalala namni tokko
yookiin sabni Oromoo ta‟e akka walii galaatti eenyummaa isaa irratti qabaatuufi gatii inni ofiif
kennuudhaan of ibsuun irratti kan fuulleffatuudha.

Qorannoon kunis Oromummaan maal akka ta‟eefi ulaagaa akkamii akka barbaadu walaloo
sirbootaa qaaccessuun ibsuurratti fuulleffatee hojjatame. Keekiyyaan sirboota isaa warra kamiifi
barraaq jedhan keessatti ulaagaaleefi maalummaa Oromummaa tarreessuu yaala. Haaluma
kanaan namni tokko akka Oromootti kan lakkaa'amuu danda'u inni ijoon karaa dhiigaan yookiin
hidda dhalootaa kan saba Oromoorraa yoo dhalate akka ta‟eetti dhiheessa. Gama biraatiin namni
dhiiga Oromoo hin qabaannellee seeraa Oromoon ittiin alagaa ofitti makuun Oromootti fidamee
ulaagaa hunda guutee Oromaa‟uu akka danda‟us ni eera. Kana jechuun, Oromummaan
dhalootatiinis ta‟ee ilaalchaafi raawwitdhaan argamuu danda‟a jechuudha. Akka sirboota
Keekiyyaa keessatti dhihaatetti hubannooof akka tolutti bal‟inaan ibsuuf gama argama
Oromummaa kana calaqqeewwan eenyummaa roga adda addaa jalatti qoqqooduun haala armaan
gadiitiin yoo ilaalle gaariidha.

4.1.1. Oromummaa dhalootaan

Hiddi dhalootaa madda yookiin gosa namni tokko dudduubee sanyii dhaloota ofii itti
lakkaawwatuudha. Kunis namni haadhaafi abbaa irraa dhalatee eegalee gosa warra isaa duubaan
jiran kan hammatuudha. Hiikni kun yaadxina pirimordiyaalistootaan deeggarama.Akka yaada
garee kanaatti eenyummaan uumamumaan walitti fufiinsaan walhoruufi hidda dhaloota tokkotii
galeen eenyummaa tokko waliin qabaachutti ilaalama. Lakkoofsi hidda dhalootaa akka
Oromoottis eenyummaa namaa baruuf akka tarkaanfii jalqabaatti fudhatama.
26

Haala kana dhimmoota garaagaraa keessatti gaaffiin yookiin qorannoo gosaa jiraachuu isaarraa
mirkaneessuun ni danda'ama. Fakkeenyaaf Oromiyaa bakka adda addaatti namni haaraan gaafa
simatamuufi namootan walbaru gosa isaatu gaafatama. Keessattuu gara Ituu, Afran Qalloo,
Sikkoo Mandoo, Sabboo Goonaa kanatti nama iddoo biraarraa dhaqeen jalqaba nagaatti aansanii
gosti tee maali gaaffii jettu gaafatu. Kunis eenyummaa nama sanaa baruufi Oromoo ta'uufi
dhiisuu mirkaneessuuf akka ta'e hinshakkisiisu. Gama walaloo sirba keekiyyaatti dhufnee yoo
ilaalle hidda dhalootaa Oromummaa keessatti haala ittiin Oromummaaf ulaagessuufi walitti
hidhutu mul'ata. Mee bo'oowwan walaloo sirboota isaa keessaa kanneen armaan gadii kana haa
ilaallu.

Afaan Oromoo dubbattaaree?


Ani Oromoodha jettaaree?
Mee wal qorannaa gadi taa'i
Abbaa torbakee naa lakkaa'i (KB_Q3_2017 toora 5-8)

Akka walaloo kanaatti hariiroon Oromummaafi Afaan Oromoo gidduu jiru guutumaan guututti
Oromoo nama taasisuu yookiin jechisiisuu ni danda'aaree isa jedhuufi shakkii weellisichi
Oromoo ta'uu nama yookiin qaama qeeqaa jiru kanaarraa qabutu dhihaate. Namni qeeqamaa jiru
kun afaan inni dubbatu Afaan Oromoo yoo ta'eefi innillee Oromoo kan ofiin jedhee of himu yoo
ta'eyyuu, Oromummaan qaama kanaa weellisichaaf kan hin liqimfamne ta'uu hubanna.
Oromummaan afaan Oromootti dhimma bahuufi ittiin of himuu caalaa ulaagaalee biroo kan qabu
ta'uu walaloon kun ni akeeka.

Ergaa bo'oo walaloo kanaa qaaccessinee yoo ilaallu Afaan Oromoos ta'ee afaan kamuu meeshaa
walquunnamtii ilma namaati. Innis shaakalaan kan baratamu yoo ta'u, haala maatii, hawaasaafi
naannoo keessatti guddataniifi jiraataniitiin kan ka'e afaan fedheyyuu baramuu danda'a. Kana
jechuun naannoon jireenyaa afaan tokko akka barruuf gahee mataasaa qaba. Afaan dhalootaan
kan dhangi'amaniin osoo hintaane fedhii qabaatanii shaakalaan naannoo keessa jiraatanirraa kan
baratamu waan ta'eef qaama fedheenuu baratamuu danda'a jechuudha.

Afaan meeshaa dhagahama keessa ofii ittiin baasanii ibsatan waan ta'eef eenyummaa ofii
ibsachuuf akka riqichaatti kan tajaajilu ta'ullee, afaan inni haasawuun qofa eenyummaa nama
sanaa baruun dhibaadha. Sababni isaas, namootni afaan hundumaan eenyummaa ofii isaanii qofa
27

ibsachuuf dhimma itti hinbahan. Eenyummaa namoota yookiin garee biroo hatanii yookiin jala
dhokatanii haalota adda addaa miliqanii jiraachuuf ta'uu danda'a. Dabalataan waa'ee garee sanaa
baruufi hojii qorannoof dhimma itti bahuuf afaan baranii dubbachuun ni jira. Faallaa kanaatin
immoo qaamota afaanichatti dhimma bahan irraa waa fayyadamuuf fudhachuufi fudhachiisuuf
afaan isaanii baruun isaan fakkaatanii kaayyoo ofii itti fe'uun karaa afaan baruufi dubbachuutin
ni salphata.

Haalota kanneen keessaa Oromoo kan mudateefi ergaa walaloo weedduu kanaa kan ta'e isaan
Oromummaa balleessuuf Oromoo fakkaatanii afaan Oromoo baranii garuu gochaan isaanii
ulaagaalee Oromummaa keessaa bahee gaaffii uumudha. Akkuma Oromiyaa keessa sabaafi
sablammoonni hedduun jiraataniin kanneen saba kana waliin jiraachuufi irraa fayyadamuuf afaan
Oromoo baranii itti tajaajilaman hedduudha. Haa ta'u malee, namoonni kunneen Afaan Oromoo
dubbatanii qofaaf Oromummaa kan argatan yookiin Oromoo ta'uu akka hindandeenye walaloo
kanarraa hubachuun nama hindhibu. Kana malees Oromummaan ani Oromoodha jedhanii of
himuun kan gonfatamu akka hintaanetu walaloo kanaan ibsame. Kanaafuu Afaan Oromoo
dubbateedhaaf namni tokko ani Oromoodha jechuun kan hindanda'amneefi Oromummaan Afaan
Oromootiin dubbachuu qofatti kan hinhiikamne akka ta'e mul'isa. Ani Oromoodha jechuuf
ulaagaan biraa kan qoratamu akka jirus walalicha keessatti kaa'ameera.

Mee wal qorannaa gadi taa'i


Abbaa torbakee naa lakkaa'i (KB_Q3_2017 toora 7_8)

Jechootni bo'oowwan walaloo sirbootaa kana ijaaran haalotaafi dhimmoota isaan keessatti
tajaajilan yoo ilaalle walqorannaan galumsa duudhaa hawaasummaa adda addaa keessatti
argama. Kan duraa qorannaa sanyii yookiin gosaa kan yeroo sirna fuudhaafi heerumaa
gaggeeffamu yoo ta'u, inni lammaffaan qorannoo oolmaafi turtii qaama dhokatee yakka
raawwate tokko saaxila baasuuf taasifamuudha. Qorannaan jalqabaa kun kan itti gala yookiin
dudduubee hidda dhaloota nama tokkoo baruuf taasifamu henna ta‟u, kan lammaffaa immoo
ooltee fi bultee qaama hawaasaa baruufi wal to'achuuf kan dhimma itti bahamuudha.Gama
biraatiin "gadi taa'iin" dhimmoota tasgabbii, ilaaf ilaameefi itti yaaduu barbaachisanirratti karaa
oromoon mariif gargaaramuudha. Sirba keessatti qorannaan kun isa galumsa duraatiin kan
dhihaatedha.
28

Oromoon yeroo fuudhaafi heerumaaf ilmaan isaa waliif kennu hidda dhalootaa hanga abbaa
torbaatti lakkoofsisa. Aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti qorannaan hidda dhalootaa (gosaa)
akka ulaagaa tokkootti yoo ilaalamu, barbaachisummaan isaa namoonni firummaa dhihoo qaban
akka wal hinfuune taasisuu akka ta'etti lakkaa'ama. Gamtokkoon qaamni qoratamu kun hammam
duudhaa hawasa kanaa kabajee akka jiraatu, eessaa dhuftee isaafi haalotaafi maalummaa isaa
baruuf kan gargaarudha. Walqorannaan kun egaa akka walaloo sirba kanaatti namoota Oromoo
fakkaatanii Afaan Oromootin dubbachaa Oromootti of himaa garuu ulaagaalee birootiin faallaa
Oromummaa jiraatan adda baasuuf akka ulaaģaa tokkootti kan dhihaate ta'a jechuudha.
Kunimmoo kan agarsiisu Oromummaan wanta irra keessaan ilaalamee beekamuufi salphaatti
dubbii afaanitiin yookiin akka Oromoo fakkaachuun argamuufi ibsamu akka hin taanedha. Hiddi
dhalootaa yookiin dudduubeen irraa dhufanillee nama tokko Oromoo taasisuu keessatti dhimma
ijoo akka ta'etti walaloo kanaan kan ibsameedha.

Ati kan eenyuti?


Abbaa torbakee himadhuutii
Lameen warrakee himadhuutii
Hidda warrakee himadhuutii
Madda burqitee himadhuutii (KB_Q3_2017 toora 9_13

Walqorannaan gaggeeffamu kun, warra hiddaafi madda irratti kan xiyyeeffatu ta'uu walaloon
kun nu hubachiisa. Warri maatii gama abbaa fi haadha irraa dhalatanii lamaanin jiran yoo ta'u,
hiddi maatii duubaa kan akaakileefi abaabilee hordofuun gara madda irraa dhufaniitti nama
geessudha. Kunimmoo Oromummaa dhalootaan yookiin dhiigaan walqabsiisa. Namni Oromoo
ta'e kamiyyuu hidda isaa lakkaawwatee madda tokkotti kan galchu yoo ta'u, kana kan hinguutne
taanaan alagaatti lakkaa'ama. Oromoon yoo eenyummaa namaa baruu barbaadu afaan namni sun
dubbatu osoo hintaane sanyii nama sanaa gaafata. Sanyiin kun dhiigaan Oromoo ta'anii
dhalachuu qofa osoo hintaane madaallii amalaa, ogummaa, qubsumaafi ciminaa garee waan
hammatuuf eenyummaan garee as keessatti ilaalama jechuudha. Oromoo kutaawwan hedduu
biratti namni haaraan tokko nagaa eega gaafatameen boodatti gosa/sanyii/warra/balbala/ fincaan
kami? jechuun kan gaafatamuufis kanumaafi.
29

Afaan Oromoo dubbachuun Oromoo eenyummaa ofiitiin boonuufi calaqqisiisuuf bu'uura ta'us,
kan Afaan Oromoo dubbatu hundi Oromoo ta'uu akka hindandeenye sirbi kun ulaagaa kaa'a.
Namni dhiigaan Oromoorraa dhalate akka eenyummaa ofiitti yoo afaan ofii dubbatu, kaan garuu
irra caalaatti Oromoo fakkaachuuf, iccitii Oromoo baruuf, Oromootti siqanii irraa fayyadamuuf,
Afaan Oromootti dhimma bahu. Miirri sirba kana keessaa calaqqisus, qaamni Afaan Orommootti
dhimma bahee garuu gochi isaa faallaa Oromoo ta'e jiraachuu argisiisa. Oromummaan kan
argamu Oromoo ta'anii dhalachuu qofaan ta'uu baatullee, hidda Oromoorraa dhalachuufi afaan
Oromoo dubbachuu qofti Oromummaa kan nama hin muudne ta'uus sirba kana keessatti
bo'oowwan mirkaneessan hedduutu jiru.

Namni Oromoo ofiin jedhu tokko hidda isaa lakkaawwatee hanga abbaa torbaatti qomoo
Oromoo himachuu danda'uun akka irra jiraatu kanarraa ni hubanna. Kana jechuun namni kamuu
dirqama haadhaafi abbaa Oromoo irraa dhalateeyyuu yoo hintaane, ulaagaa birootinillee
Oromummaa argatee akka safuu, seeraafi sirna Oromootti buluun gosa Oromoo itti gale
himachuu danda'uutu irra jiraata. Fakkeenyaaf namni sabaan Oromoo hintaane tokko waraana
irratti booji‟amee Oromootti moggaafamuun osoo ni jiraata ta‟eeyyuu gosa Oromoo keessaa kan
isa moggaafateen waan waamamuuf achirraa eegalee hiddi latiinsaa lakkaa‟amu kan Oromoo
ta‟a.

Qaamni akkanatti Oromummaa fudhate kunis, gosa itti gale beekuufi himachuun waan irra
jiraatuuf haalaan qoratee qabata. Kan sobee Afaan Oromoo dubbateefi Oromootti of himeef
Oromoo ofiin jedhu garuu abbaa tokkoo lama miliqsee himachuu danda‟ullee fageesseefi
qoqqoodee hidda dhalootaa duubaan jiru himuutti waan rakkatuuf karaa kanaa walbaruun akka
danda‟amu akeeka sirba kanaati. Ta‟us iccitiin as keessa jiru hidda dhiigaa himachuu qofa osoo
hintaane waan safuufi duudhaa dhaloota darbee eege, kan saba fayyadu hojjachuun akka irraa
eegamuudha. Gama biraatiin dhalootan alatti qaamni tokko akkamiin Oromummaa argatee
Oromoo waliin jiraata kan jedhus sirbuma kanarraa argachuu dandeenya.

4.1.2. Oromummaa Seera Meedhachaan

Seera Oromoon qabu keessaa tokko namni gudeeda Oromoo keessaa hin baane yookiin alagaan
kan ittiin madaqee Oromummaa argachuun Oromoo waliin haalota jiruufi jireenyaa mara
qooddatee akka jiraatu taasisuudha. Seerri kun Sirna Gadaatiin kan tumamu yoo ta'u, seera
30

meedhachaa yookiin oromoomsuu jedhama. Oromoomsuun nama dhiigaan abbaafi haadha


Oromoo irraa hindhalanneef Oromummaa kennuudha. Ni oromoomsu gaafa jedhamu garuu,
namoota kanneen dhiiga Oromoo horachiisu osoo hintaane, raawwiwwan jiruufi jireenyaa
oromoon raawwatu qooddachiisanii addunyaafi miira Oromoon keessa jiraatu keessa akka jiraatu
taasisu jechuudha. Kunimmoo Oromummaan ta‟umsa sana qofa osoo hintaane raawwiifi ilaalcha
isa jedhutti nu geessa.

Karaan Oromummaa seeraan fudhachuufi kennuu kun namni dhiiga Oromoorraa hindhalannes
seerotaafi duudhaalee Sirna Gadaa kabajeefii eegee yoo ittiin jiraate Oromummaa ni qabaata kan
jedhu ofkeessaa qaba. Sababni isaa Sirni kun utubaa jiruufi jireenya saba Oromooti waan ta'eef.
Egaa seerota alagaan ittiin oromoomu jedhamanii kan beekamaniifi sirboota Keekiyyaa keessatti
tuqamanillee gadi fageenyaan xiinxallee mee haa ilaallu.

Waan bara dhahaan fudhate


Seera gulantaan tumate
Oromoon in moggaafata hammatee
Harma hoosisa hammate
Orma oromoomsa hammatee (KB_Q3_2017toora 22_28)

Bo'oowwan kanneen keessatti waa'ee dhahaafi guddifachaatu mul'ata. Dhahi falasama Oromoon
lakkoofsa ji'aafi baraaf dhimma itti bahu yoo ibsu, guddifachaafi moggaasni karaalee ijoo orma
ittiin oromoomsaniidha. Mee seera meedhachaa keessaa waa'ee guddifachaafi moggaasaa gadi
fageenyaan haa xiinxallu.

 Guddifachaa

Guddifachaan ilmoo ofiif hinhoranne yookiin nama maatii ofii keessa hinjirre fudhatanii akka
kan ofiitti guddisuudha. Iddoo tokko tokkotti gosa Oromoo yoo ta'e malee kan hinfudhatamne
yoo ta'u, gosni kanaaf fudhataman kanneen ogummaa sibiila tumuu, gogaa duuguu, uffata
hodhuu, suphee dhahuufi kan biraa qabaniidha jedha. Kunimmoo, Oromoonni horii isaanitiifi
qonnaaf lafa yeroo babal'ifachuuf walirraa fagaataa deeman akka isaan gargaaraniifiidha. Gama
biraatin tooftaan guddifachaa ilma mixii jedhamus akka jiru kitaabni Barnoota Gadaa kutaa 3ffaa
ni eera. Kunimmoo akka isa duraa warra ogummaa qaban osoo hintaane kan dubarri deessee
31

guddisuuf humna dhabdees ta'ee sababa biraatiin bakkeetti gattee mixiin itti duuddee karaarraa
argatan kan fuudhanii guddisaniidha.

Adeemsa guddisaa kana keessatti mirgi nama guddifatatamuus ta'ee namoota naannoo isaa jiran
maraa karaa ittiin eegamu qaba. Kana jechuun daa'ima alagaa tokko guddifata fudhachuuf
atoomsi maatii isaa fudhatama argachuu qaba. Maatii, obbolaafi firri daa'imichaa akka mucichi
guddifachaaf hin kennamne mormii dhihesssuu danda'u. Isaan qofa osoo hintaane gosti maatii
guddifachaan itti fudhatamuus namni nu hinfakkaanne nutti makamuu hinqabu jedhaniillee diduu
danda'u. Kanaafuu adeemsa guddifachaa kana keesatti heeyyamni gama lamaanuu maatiidhaa
hanga gosaatti jiraachuun dirqama ta'a.

Adeemsa guddifachaa keessatti irra caalatti daa'imni fudhatamu dhiira ta'ullee darbee darbees
dubarri guddifatamuu dandeessi. Kanaaf akka sababaatti kan ka'u immoo dhiironni araddaa
abbaa isaanii dhaaluufi hanga dhumaatti kan wajjin jiraatan ta'uudha. Shamarran qehee warraa
irraa bahanii heerumaan waan deemaniif qeheefi qabeenya abbaa tiksuu hindanda'an. Kan
bakkaafi gosa itti heerumanii ta'uun maatii horanii jiraatu. Kanarraa ka'uun guddifachaa keessatti
daa'imman dhiiraatu filannoo jalqabaa ta'u. Walumaa galatti guddifachaan gosaafi gosaan alarraa
fudhatamu seera mataa isaatii irratti hundaa'uun mirgi daa'imman guddifatamanii gama hundaan
eegamee akka jiraatan taasisa.

 Moggaasa

Moggaasni nama yookiin tuuta namootaa Oromoo hinta‟in gosa oromootti makuun
oromoomsanii jiraachisuudha. Moggaasa keessatti nama yookiin gosaafi tuuta Oromoo hin ta'in
erga eenyummaa isaanii baraniin boodatti Oromootti makanii akkaafi sirna Oromootiin
jiraachisu. Kunimmoo fedhii namoota kanaatiin kan raawwatu yoo ta‟u, namootni moggaafaman
kunniin sababoota garaa garaatiin oromootti makamanii jiraachuu yeroo gaafatanitti kan hojiirra
ooluudha. Adeemsi kun kooluufi boojuu illee kan hammatuudha.

Namoonni kunneen seera moggaasaan erga Oromoomanii booda booji‟amtoota caalaa mirga
akkuma nama Oromoo kamiittuu argatu jedhama. Keessattuu mirgoota akka qabeenyaafi maatii
horachuu, hawaasummaa keessatti hirmaachuufi tumsa kamiyyuu argachuu battalumatti argatu.
Gadaa keessattis miseensa abbaa meedhachaa isaanii ta‟anii miseensummaa sirnichaattis ni
makamu. Haa ta‟u malee adeemsi kun moggaasa keessatti dhiibbaa mataa isaa uumaa kan
32

deemeedha. Yeroo baay‟ee namoonni kooluuf dhufan aadaafi eenyummaa isaanii osoo gadi
hindhiisin waan moggaafamaniif jireenyi isaanii aadaa, afaaniifi eeenyummaa Oromoon
walmakuun dhiibbaa kan geessisuudha. Sodaan kun yerosumallee kan ka‟aa tureefi gosoota
mooggaafataniif dhaamamaa akka ture kitaaba Siyaasa Gadaa Tuulamaa jedhu keessatti ibsamee
jira.

Yeroo moggaasaa hangafoonni garee lachuu dullacha sa‟aa qalanii dhiiga eeboo cuubuun kakuu
waliif seenu. Kakuun kunis, dhiiga tokko taanerra, akka Oromootti bulla, cubbuufi daba
walirratti hin hojjatnu jechuun waadaa seenamuudha. Kunis meedhacha harkatti hidhachuun
ibsama. Kanaan booda akka Oromootti lakkaa‟amanii jiraatu jechuudha. Ta‟ullee, gareen
namoota kooluuf dhufanii irra caalaatti Oromummaa fudhatanii osoo hintaane Oromoorraa
qubsuma fudhatanii of ijaaruun turtii yeroo dheeraa keessa deebi‟anii Oromummaafi Oromoo
irratti dhiibbaa uumantu heddummaata. Keessattuu jaarraa 16ffaa boodatti kufaatii Oromoo
mudate keesatti namoonni akkanaa amala gaggaragaltoo qabaachuun ergamtootaafi haala
mijeessitoota diinota Oromoo ta‟anii akka tajaajilaa dhufan jireenya Oromoota Maccaafi
Tuulamaa iddoo adda addaa irraa hubachuun ni danda‟ama.

Gama biraatiin moggaasni kan hojiirra oolu boojuu keessattiidha. Akka sirna Oromootti,
namoonni waraanarratti qabaman yookiin injifatamuu isaanii beekanii du‟a of oolchuuf harka
kennatan booji‟amanii eegamu malee hin ajjeefamani. Hanga nagaan bu‟utti warri booji‟an
nyaachisanii, obaasanii kunuunsaafi eegumsa namummaa kamuu taasisaniifii jiraachisu. Lolli
sun raawwatee erga tasgabbiin uumamee booda fedhiin booji‟amtootaa qoratamee horiin yookiin
kaffaltiin laatamee gara maatii isaanitti deebi‟uu danda‟u. Gama biraatiin fageenyaafi sababa
biraa kan qabaatan ta‟anii achumatti hafanii jiraachuu kan barbaadan yoo ta‟animmoo seera
moggaasatiin oromoomsamanii jiraatu.

Kanaaf, booji‟amtoonni akkasii Abbaa Duulatiin dabarfamanii gara Abbaa Gadaatti kennamuun
gosa Oromoo tokkotti moggaafamanii akkuma Oromootti mirga guutuu argatanii jiraatu. Namni
dhuunfaanis booji‟ame yoo jiraate, balbala gosa Oromoo tokkootti moggaafama. Sanaan booda,
gaariifi badii isaaniis kan itti gaafatamuuf gosa moggaafate ta‟a jechuudha. Fakkeenyaaf yoo
lubbuu baase gumaa kan kaffalu gosa moggaafateedha. Adeemsi kun namoota moggaafamaniif
dahoo guddaa ta‟ee tajaajila.
33

Dabalataan, dubartiifi daa‟imman yoo booji‟aman warra kaanin addatti kunuunsa isaan
barbaachisa jedhama. Daa‟immanis ta‟ee dubartoonni booji‟aman akkum warra kaanii fedhii
isaaniitu qoratama. Kanneen galuu barbaadaan nageenyi qaama waldhabe lamaan gidduutti erga
bu‟een booda warra isaanitti akka deebi‟an taasifamu. Fedhiin isaanii yoo Oromoo waliin
jiraachuu ta‟emmoo daa‟imman guddifachaan, dubartoonni hariiroo fuudhaafi heerumaatiin gosa
Oromootti makamu. Dimshaashumatti moggaasni kan raawwatamu nama sanyiin yookiin gosni
isaa Oromoo hintaane saba biraa irraa dhufe waliin malee gosoota Oromoo gidduutti miti.

Gosni Oromoo tokko sababoota garaagaraatiin iddoo jireenya isaa irraa buqqa‟ee kan rakkatuufi
naannoo biraatti kan godaanu yoo ta‟e Sirni Gadaa seera hirkifata jedhamuun iddoofi mirga
kenneefii tajaajila. Kunis, sababoota akka hongee, lolaa bishaanii, wal waraansa (waldhabdee),
saamichaafi dhiphina iddoo jireenyaa irraa dhufuu danda‟a. Haaluma kanaan namoonni
dhuunfaanis ta‟ee gareen gara gosa Oromoo isaanitti dhihaatutti deemanii hirkannaa gaafachuu
danda‟u. Rakkataan lammiitti baqata waan jedhamuuf warri hirkifataaf gaafatamanis rakkoo
jaraa qoratanii, ilaalaniifi mari‟atanii hirkifatu yookiin ofitti makanii hanga rakkoon isaanii
furmaata argatutti qubsumaafi tajaajila biroos kennuuf.

Egaa namoonni hirkannaa deeman durumaanuu dhiigni isaanii Oromoo waan ta‟eef, akka
moggaasaa kan dhibuufi Oromoomsuu kan gaafatu miti. Irra caalatti gosuma isaanii duraa
himachaa garuu hirmaannaa hawaasummaa kamuu gosa itti hirkatan waliin taasisu. Isa kanaaf
akka fakkeenyatti Oromoota Tuulamaa naannawa giddu galeessarraa dhiibbaa sirna mootota
habashaatiin qeheefi jireenya isaanirraa buqqifamanii gosoota Oromoo birootti makaman kaasuu
dandeenya.

Haalonni armaan olitti bal‟inaan ibsaman kunniin karaalee Oromoon saboota biroo ofitti qabeefi
madaqsee seeraafi sirna isaa barsiisee nagaan waliin jiraatudha. Isaanis walfakkeenyaafi adda
addummaa mataa isaanii kan qaban yoo ta‟u, jireenya Oromoos ta‟ee Oromummaa keessatti
dhiibbaas ta‟ee faayidaa akka qaban hubachuun nu hin rakkisu. Garaagarummaan moggaasni
guddifachaarraa addatti qabu, guddifachaan sanyii yookiin dhala ofii godhachuu yoo ta'u,
moggaasni immoo miseensa gosa ofii taasifachuu jechuudha. Kana malees guddifachaa keessatti
namni guddifatamu ilmoo nama guddifatee ta'ee qabeenyaa isaaniis dhaala. Adeemsa moggaasaa
keessatti mirgi Gadaa keessatti hammatamuu kennamuufis dhaalmaan qaban hinjiru. Hirmaannaa
34

siyaasaafi amantiis ni qabaatu. Kunimmoo, yeroo rakkoofi gammachuutti wal utubuufi walbira
dhaabbachuuf karaa ta'a.

Adeemsichi kan nu hubachiisu, Oromummaan, hidda Oromoorraa dhalataniis ta'ee seeraafi


duudhaa sabichaatiin sabicha waliin nagaafi jaalalaan aadaa, duudhaafi afaan isaa kabajanii
fakkaatanii osoo hintaane ta'anii argamuudha. Oromoon saba akka habashoonni hiikanitti nama
jibbu, gara jabeessafi duubatti hafaa akka hintaanes seerri saba biraa oromoomsuu kun waan ibsu
qaba. Saba biraatiyyuu Aadaafi duudhaa Oromummaa barsiisanii jaalalaan ofitti makuufi
Oromoomsuun falaasama jaalalaafi cimina sabichi qabu ta'uu adeemsa guddifachaafi moggaasaa
kanarraa salphaatti hubachuun ni danda'ama. Kun hundi duudhaa oromummaan hammatu ta'uu
walaloon kun nu agarsiisa. Akka walaloo sirbaa kanatti egaa ulaagawwan oromummaan gaafatu
keessaa duudhafi falaasama Oromoon dhimma itti bahu kanneen keessatti qooda fudhataa ta'uun
barbaachisaadha.

Dimshaashumatti namni kamiyyuu dhiiga Oromoo irraayyis dhalatee yookiin seera hawaasaan
falaasamoota Oromoon jiruufi jireenya isaa ittiin gaggeessu fudhatee akka Oromootti ilaalama.
Oromummaan qaama lameenus itti waamamuu qofaan osoo hintaane ta‟anii ittiin argamuudha.
Kanaaf quuqama eenyummaa ofii qabaatanii guddina aadaa, afaan, seenaafi hariiroo sabaatiif
hojjachuun miirri Oromummaa dagaaguudha.

Oromummaan nafuma
Yaaduma qawwee tumu
Dhumi jedhanii hin dhumu (KB-Q6b- 2020 toora 2-4)

Walaloo sirboota kanneenii keessatti Keekiyyaan dhiibbaa qaamonni jibbiinsa Oromoon


guutaman taasisan qeequufi Oromummaan maal akka ta'e gadi fageenyaan ibsuun Oromoota
dadammaqsuu irratti xiyyeeffata. Oromummaan wanta alarraa qaama akka kennaatti yookiin
qabeenya dhuunfaatti namaaf kennamu osoo hintaane nafa namaatti makamee uumamaan nama
keessa jiraatu akka ta'etti sirba kanaan dhihaatera. Nafni qaama namni tokko uumameenii qabu
dabalatee wanta inni miiressuufi ofkeessaa qabu sanaadha. Nafni qaama namummaa kan alaa
mul'atu qofa osoo hintaane keessa isaa kan qabatee argamu. Jechama Oromoo keessatti nama
waan tokko itti baree miira addaa hin mul'isneefin "nafa godhateera/godhatterti" jedhama.
35

Kana jechuun wantichi qaama nama saniitin baramee, walfudhateefi muuxannee yeroo dheeraa
ta'eefii jira itti hin haaromu jechuudha. Kunimmoo yeroo gabaaban kan baduu fi dhiibbaa
muraasan kan irraa mulqamu akka hin taane agarsiisa. Kanaaf akka sirba Kanaatti Oromummaan
wanta ala qaama namaarraa mul'ataa miti. Namoonni Oromummaa jibban qawweenfi lolaan
yookiin dhaadannoodhaan akka fedhii isaanitti ni balleessina jedhanii tattaafataniif hin badu.
Oromummaan isa dhiigaafi ayyaana Oromootaa waliin uumamee qaamaafi qorqalbii waliin
jiraatu dhalootaa dhalootatti kan darbu hubamuu malee tasumayyuu baduu hindandeenye akka
ta'eetti kaasa.

Oromummaan wanta nafa ta'ee namummaa saba kanaatiin walqabatee jiru ilaalcha, kaayyoo,
fedhiifi hamilee qajeelummaa Oromoo ta'anii jireenya addunyaa kanaa miiressuuti malee wanta
reebichaafi dhaanichaan badu miti akka jechuuti. Wanti nafa ta'ee keessoo namaatti makameefi
qabatee jiru kunimmoo dhiibbaa garee diina Oromoo ta'ee Oromummaa balleessuuf fiigu kanaan
salphumatti kan badu miti. Yoo hadheeffamee itti dhaadatames ta'ee yoo namoonni isaaf jecha
ajjeefamaniifi dararamanis xiiqiin Oromummaa qaamota hagam keessatti dagaagaa bula malee
qawweefi dhaadannoo diinatiin kan badu miti. Kana jechuunis, Oromummaan eenyummaa
Oromoota waliin dhalatee, guddateefi babal'atee jiraatudha malee fedhiifi miira yeroo gabaabatti
namarratti uumamee deebi'ee manca'uu danda'u miti. Oromummaan quuqama eenyummaafi
miira sabboonummaa karaa ittiin haqa Oromoo tiksaniifi addunyaatti mul‟isaniidha.

Oromummaan eenyummaa sabaati waan ta'eef dhiibbaa sabarra gahuun dammaqiinsaafi hariiroo
sabichaa waliin xiqqaataafi dhokataa adeemuu danda'a malee hanga sabni kun jirutti baduu
hindanda'u. Oromummaan riqicha Oromoota iddoo, amantiifi haala jireenyaa garaagaraa keessa
jiran walitti fidu akka ta'es sirbi kun ni kaasa. Oromummaan gammachuu, gadda, rakkoofi
baldhoo sababa eenyummaatiin dhufu waliin qooddachuu waan ta'eef Oromoon waan argatus,
waan dhabus dhimma waleetti ramada. Kanas, bo'oowwan walaloo kanarraa xiinxaluu
dandeenya.

Waan qabu waliin qaba


Waan dhabu waliin dhaba (KB-Q6b- 2020 toora 6-7)

Oromoon akka sabaatti gaafa ilaalamu miidhaan gama eenyummaafi calaqqeewwan


eenyummaatti fuulleffatan gareefi nama dhuunfaa muraasa osoo hintaane saba bal'aa qaqqabu.
36

Kana jechuunis, dhiibbawwan gama afaanii, aadaa, amantii, siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa
irratti aggaamaman kamuu kan Oromoo waliigalaan miidhaniidha. Kanaafuu qaamni Oromoo
adda adda qoodu kamuu tooftaan bituuf yoo ta‟e malee kan isa hin fayyadne ta‟uu Oromoon
irratti dammaquu qabaadha.

Gaafa ittiin bulmaatni Oromoo Sirni Gadaa bulchiinsa mootota habashaatiin manca'u, aadaafi
Afaan Oromoo mancaasuuf hojjatamu Oromoon akka sabaatti cunqursaa hangana hinjedhamne
keessummeesse. Walitti dhufeenyi, waltumsiifi tokkummaan Oromoota kallattii maraa addaan
ciccite. Warri Oromoo cabsuuf yeroo dheeraa hawwaa turan carraa kana fayyadamanii
qabeenyaa Oromoo saamuu bira darbanii Oromummaa lafarraa balleessuuf boolla hinseenne
hinqaban. Haaluma kanaan aadaa, amantii, sirnaafi falaasama isaa gachisiisanii kan ofii itti fe'an.
Kanaanis Oromoonni ofdhabuurraa hanga waldhabuutti gahan. Kana jechuunis eenyummaa
dhuunfaas ta'ee eenyummaan sabaa kan walii galaa badaa adeeme. Oromummaan moototaafi
duuka buutota isaanii biratti akka yakkaatti ilaalamee agarsiistuwwan oromummaas dhokfamaa,
badaafi jibbamaa adeeman. Oromoonnumtuu oromummaa isaanii dagachaafi itti qaanfachaa
dhufan.

Adeemsa kanaan akkuma walaloo sirbaa kana keessatti eerame Oromoon waan qabu mara
akkuma sabaatti waliin dhabe. Oromummaan qabeenya walee hawaasaa kan adda durummaan
Oromoota walitti hidhu waan ta'eef jiraachuuf sochiifi dammaqiinsi saba Oromoo dhimma
gaaffiif hindhihaannedha. Waan waliin dhabe kana argachuu kan danda'us yoo walta'ee waliin
ka'e akka ta'e dhaamsa sirbichaachaati. Kanaaf sirba kana keessatti Oromummaan akka riqicha
tokkummaatti tokkummaanis akka utubaa Oromummaatti ibsame.

Kanas gama haala jireenya Oromoo yoomessa sirba kanaan walqabsiisnee yoo ilaallu, yeroo
dammaqiinsi Oromummaafi dhiibbaa sirna gabroomsaa xiiqii guddaa keessa waliin jiran ta'uu
hubanna. Waqtiin sun erga Oromoon dammaqee sirna qoqqoodee isa bitaa ture ofirraa
fonqolchee boqonnaa haaratti dhufeefi miira gammachuun guutamee Oromummaanis olka'ee
mul'atee boodatti yeroo haalotni waldhabaafi tokkummaan sabaas deebi'ee gargar deemutti
ka'etti ture. Waldhabdeen qaama Oromoon bakka bu'ee biyya bulchaa jira jedhuufi gareewwan
qabsoo Oromoo hogganaafi kallattii siyaasa Oromoo qaqqajeelchaa turan gidduutti uumameen
Oromoof waqtichi burjaajee guddaa uume. Oromoodhuma keessatti gareen adda addaa akka
deebi'ee uumamu taasise. Inumayyuu harki caalaan miira gammachuu diigamuu sirnaatirraa
37

madde akka bilisummaatti lakkaa'ee osoo utubaa jabaa bu'aa qabsoo sana itti fufiinsaan
jiraachisu osoo hindhaabin dacha'ee taa'e.

Adeemsicha keessatti harki garee Oromummaafi Oromoo balleessuf hawwanii hiixannaa cimaa
taasise. Kunimmoo saba kana deebisanii hadoochuufi gargar diiguurratti akka milkaa'an haala
mijataa uumeef. Umriin gammachuufi dhiichisaas gabaabbatee dachee Oromiyaa gaddiifi
diigamiinsi haguuge. Qabsoon Oromoo boqonnaa haararra gahe jedhamee milkiif eegames
gargar diigamee rogaafi bifa adda addaan deebi'ee itite. Egaa waqtii kana keessatti sirbi kun kan
hojiirra oole. Ergaan guddaan sirbichaas Oromoon akka sabaatti Oromummaa isaatiin walta'ee
garaagarummaa isaa dhiphisuun aggaammii kamuu akka qolachuu qabuudha. Tokkummaan
hawwame kunimmoo milkiifi fulla'iinsa saba kanaatiif dhimma murteessaa waan ta'eef
Oromummaanis saba kanaaf qabeenya walee tokkummaan bu'uuramuun ta'a.

Oromoos ta'ee Oromummaan sirna bulchiinsa mootota habashaafi duuka buutota isaaniin akka
yakkaafi sodaatti ilaalamu kana osoo hintaane ijaarsaafi jiraachuu biyyattiitiif utubaa
murteessaadha. Kana jechuunis galatniifi kabajni argachuu malu dhabamullee qoodni Oromoon
biyya kanaaf gumaache baay'ee olaanadha. Seenaa barreessitoota habashaa keessatti olkaafamee
hin ibsamne malee ijaarsa biyya kanaa keessatti sabni aarsaa olaanaa baase saba Oromooti.
Habashoonni yeroo rakkoo Oromoota akka gaachanaatti, yeroo bal'oo garuu akka barcumaatti
dhimma itti bahuu barbaadu. Seenawwan gaggaarii, namoota jajjaboofi wantoota biroo
hawwatoo ta'an hatanii kan ofii taasifachuun ittiin waamamuu, yoo sun hindanda'amneef immoo
ukkaamsanii dhoksuun seenaa ijaarsaafi mil'uu biyya kanaa keessatti qooda leencaa hirmaachuu
fuulleffatu. Wanti isaan yeroo mara Oromummaa balleessuuf dhama'aniifis hawwiidhuma isaanii
kana milkeessuufi.

Oromoonni dammaqan wanti habashoota biratti akka diinatti xiyyeeffatamaniifis kaayyoo


isaanii kanarratti gufuu waan ta'aniifidha. Haaluma kanaan habashoonni jajjaboofi qareeyyii
Oromoo dhabamsiisuu akka tarsiimoo Oromummaa balleessuutti tarkaanfii hedduu fudhachaa
turaniiru. Tarkanfii isaanii kanaan namoonni mataa ta'anii Oromoota akka gareefi sabaatti walitti
fiduufi dhiibbaa uumuu danda'an gariin biyyarraa baqatanii, gariin biyyuma keessatti
ukkaamfamuun hidhamanii dararamaafi ajjeefamaa turuun umrii garbummaa Oromoorratti kan
dheeresseedha.
38

Gama biraatiin humna aangoo qabanii fayyadamuun caasaa mootummaa sadarkaalee maraa
keessaatti iddoo waliif kennaa roga hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeefi kan biroon ijaarsa
cimsachuun humna Oromoo dadhabsiisanii kan faallaa isaa immoo dagaagfachaa as gahan.
Oromoo lafaafi qabeenya walee isaa aadaa, afaan, amantiifi kan biroorraa dhiibanii moggeessuu
bira darbanii ofiifi walii isaa akka dagatu, xiinsammuun akka dadhabu taasisan. Kun
Oromummaa irratti dhiibbaa olaanaa dhaqqabsiise.

Sirba isaa barraaq jedhu keessatti Keekiyyaan waa‟ee Oromoofi Oromummaa jechoota humna
qabaniin gad qabee ibse. Seenaan Oromoos ta‟ee kan saboota Itoophiyaa hedduun qorannoodhan
haguuggii guddaa dhabus qoodni saba kanaa xiqqaa miti. Haaluma qorattoonni biyya keessaas
ta‟ee kanneen alaa ragaalee habashootaa wabeeffachuun waa‟ee Oromoo barreessan irraa yoo
kaane eenyummaan isaa, dhugaan Oromoon qabuufi seenaan barraa‟e wal hin simu. Mee akka
sabaatti eenyummaa Oromoofi qooda isaa ilaalcha biyyaalessummaan walaloowwanuma
sirboota kanneenii seenaan walqabsiisnee haa xiinxallu.

Hidda kuushirraa dhalannee


Sabni Oromoo baldhannee
Akka cirrachaa baay'anne x2 (KB_Q3_2017 toora 19-21)

Bo‟oon jalqabaa walaloo kanaa Oromoon dhaloota yookiin eessaa dhuftee isaa kuushitti
lakkaawwachuu dubbata. Bo‟oowwan itti aananii jiran immoo baay‟inaafi guddina saba kanaa
agarsiisu. Oromoon yeroo heddummina waan tokkoo jechamaan ibsu cirrachaan walfakkeessee
dubbata. Sirbi kunis heddummina saba Oromoo akka cirrachaa baay‟anne jechuun kaa‟era. Kana
gaafa jedhus sabni Oromoo hortee ummata kuushii keessaa isa bal‟aafi guddaa akka ta‟e ibsa.
Sabni kun wal horee lakkoofsaan kan heddummaate malee hundeen isaa tokko waan ta‟eef
gargar qoodaamee akka qaama adda addaatti kan ilaalamu miti. Sabni kun biyya Itoophiyaan
alattuu biyyoota addunyaa kanarraa heddu keessallee akka qubatee jiru ragaawwan qorannoofi
kitaabileen seenaa adda addaa ni agarsiisu. Dabalataanis, bo‟oowwan walaloo sirba kanaa
keessaa kanneen armaan gadii Oromoon hangam Afrikaa keessatti guddummaa akka qabuufi isa
kana mirkaneessuuf akka dammaqu qabu kan akeekaniidha.

Gurraacha Afrikaa Oromoo ka’igaa


Kiiiimaanjaroo baana jetti alangeenii keenya fardeenii
39

Garuu yoo dabellee galatoomaa Kuushitu seenaa qaroomaa


Dhugaan bahuu qaba (x3) (KB_Q4_2019 toora 19-21)

Egaa bo‟oowwan walaloo sirbaa kanneenirraa kan hubatamu Oromoon ummata gurraacha
Afrkaa qaroomina ummata kuushii keessatti qooda olaanaa qabu akka ta‟eedha. Haa ta‟u malee
seenaan qooda qaroominaas ta‟ee guddummaa sabichaa dabaan osoo hin himamin hafuus ni
kaasa. Kanaan walqabatee ragaaleen qorattootaafi hayyoota seenaa hedduunis yaada sirba
kanaan wal deeggaru kaasu. Kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa jedhu keesatti
Oromoon akka maatii Kuushitti bara 8000 dura irraa eegalee Itoophiyaa dabalatee kaaba bahaa
Afrikaa jiraachaa kan ture saba guddaafi bal‟aa akka ta‟e hima. Dabalataan, Tasammaan (1986),
ummatni Kuush Baha Afrikaa irraa hanga galaana diimaafi kaabanis hanga biyyoota
Atilaantikiitti, Arabiyaarraas karaa Meesopotaamiyaan hanga biyyoota Awurooppaafi
Eeshiyaatti babal‟atee akka ture kaasa. Akka Ithoophiyaatti immoo Kuush saboota hedduu kan
hammateefi afaan isaas kan jalqabaa ta‟uu eera.

Ragaalee kanneen dabalatee kanneen qormaata seenaa, akkasumas saayinsii afaanii hedduun
biyyi hundee dhaloota Kuush durii Kaaba Baha Afrikaa akka ta‟eefi Oromoonis damee Kuush
bahaa ta‟uu mirkaneessu. Qoodamiinsi Kuushiis dhaloota Kiristoos dura bara 5000 duratti ta‟ee
kan bahaa immoo gara 3500 hanga 2000 gidduutti akka ta‟es ragaaleen kunneen ni dubbatu.
Egaa Oromoonis damee Kuush isa guddaa seenaa yeroo dheeraa qabu ta‟ee osoo jiruu garuu
dhugaan kun dhokachuufi seenaan dabee barraa‟aa turuu walaloowwan sirbaa kanaan
akeekameera. Kiiliimaanjaroon gaara guddaa Afrkaa waan ta‟eef dhugaan guddina gaara kanaa
addunyaa irratti katabameefi beekamee akkuma jiru seenaan saba guddaa Afrikaa kunis
addunyaatti mul‟achuu qaba kan jedhu dhaamsa bo‟oowwan walaloo kanaati.

Alangeen meeshaa murtii Gadaa Oromooti. Sirna Gadaa keessatti abbaan murtii dhugaa tokko
ilaalee gaafa murteessu alangeetu qabatama. Alangeen mallattoo dhugaati. Warri alangee qabatus
ta‟ee alangeen qabatamuuf daandii dhugaarraa maquu hinqaban. Fardi immoo Oromoo biratti
beeylada akka ilma namaatti ilaalamuufi kabajamuudha. Akka Kitaaba Gadaa kutaa 3ffaa fi 4ffaa
keessatti ibsamettis Oromoon beeyladoota kaan caalaa fardaaf iddoo guddaa kennuun maqaa
ofiillee fardaan yeroo moggaafatutu jira. Fardi illee akka waahila ofiitti yeroo nama gargaarutu
argama. Fakkeenyaaf yoo abbaan fardaa kufe fardi isaa achuma dhaabbatee kan isa waliin
40

buluufi beeylada marartee namaa qabu waan ta‟eef Oromoo biratti qixa ilmoo namaatti kan
ilaalamu ta‟uutu ibsama.

Jilootni Gadaa baay‟een fardaan faayamanii gaggeeffamu. Duulli gurguddaan Oromoon jaarraa
16ffaa keessa diina ofirraa fincilee daangaa biyyasaatii ittiin deebifatee ture kan gaggeeffame
fardaani. Seenaan isaa hatameefi ukkaamfamee mul‟achuu baatullee bilisummaa Itoophiyaa
tiksuu keessatti qoodni Fardeeniifi gootota Oromoo salphaa hinturre. Keessattuu yeroo waraana
Xaaliyaanii duulli Oromoonni kutaa hundarraa farda isaanii yaabbachuun weerara biyyasaanii
ittisuu keessatti taasisan waan baay‟ee nama raajeffachiisu akka ture kitaabileenumti
habashootan barreeffamanuu ni tuqu.

Oromoo biratti fardi mallattoo gootummaafi jabinaati. Kanaaf fardaaf ulfina addaatu kennama.
Kanarraa kaanee bo‟oowwan walaloo armaan olii Fardeen Oromoo guddummaafi gootummaa
isaa calaqqisiisuu keessatti iddoo guddaa akka qaban hubanna. Bo‟oowwan kunniin Oromoon
dhugaa isaa dhokateefi awwaalame qabsoon akka ifa baafatu, guddummaafi qooda addunyaaf
gumaacherratti dhugaa isaa haa falmatu ergaa jedhu qabu. Egaa dhugaan saba kanaa bahuu qaba
jechuun irra deddeebi‟amee walaloo sirbaa kana keessatti tuqameera. Sirbuma kana keessatti
Oromoon lakkoofsan baay‟atus saba hundee tokkorraa damee lamatti hiramuun wal horee
baay‟ate ta‟uus eerameera. Yaadni kunis sirba Keekiyyaa keessatti walaloo armaan gadiitiin
dhihaatera.

Haawwan akka aayyaa Makkoo


Fiixatu lalisee warrakoo
Boroo fi Bariinii
Gabatee Oro saniinii (x4) (KB_Q3_2017 toora 31-34)

Akkuma walaloo sirba kanaa keessatti dhihaate maqaa Oromoo jedhutti aansee yaadni bal‟inaan
dhihaatu hirama Booranaafi Baarentuu jedhuudha. Hiramni kun yeroo ammaa kanattiifi
Oromoota hedduu biratti akka ilmaan Oromoo lammaniitti fudhatame fakkaata. Ta‟us garuu
ragaalee qorannoofi kitaabilee adda addaa irratti yaadolee wal falmisiisoo ta‟antu mul‟atu.
Sirbuma Keekiyyaa keessattuu haala dhiyaateen Booranniifi Baarentuun ilmaan Oromoo akka
ta‟anitti malee gurmuu akka ta‟eetti miti.

Toorri eenyummaa tooranaa


41

Yaa Hortee kachaa warranaa


Ilmi hangafaa Boorana (x2) (KB_Q3_2017 toora 48-50)

Walaloo sirbaa bo‟oo sadaffaarratti argamu kana keessatti Booranni ilma hangafaa kan Oromoo
ta‟e. Sirbi kun xiyyeeffannoonsaa guddaan Oromummaan akka riqicha tokkummaa Oromootti
dhiheessuu ta‟ullee akkuma hubannoo namoota hedduu Booranaafi Baarentuun ilmaan Oromoo
hangafaafi quxisuu akka ta‟an lafa kaa‟a.

Akka kitaaba Siyaasa Gadaa Tuulamaa keessatti caqafametti haaromsa Gadaa cimaa bara 1450
taasifameen boodatti maqaa Booranaafi Baarentuun moggaafamanii Oromoota hin socho‟in ofitti
makuu gabbarsiisaa turan.Warri Boorana jedhaman haaromsa Gadaa waliin seeraan kan
socho‟an waan ta‟aniif warreen isaaniin ala ta‟an humnaafi amantaan of jala oolchanii maqaa
gabaroo jedhamu itti moggaasan. Akka kitaaba kanaatti haaromsi Gadaa kan bara 1450 garee
Oromoo muraasa socho‟e qofa akka hammateefi duulli isaanii immoo Oromuma akka
gabbarsiisetti dhihaate. Gam tokkoon deebi‟ee duulli haaromsa Gadaa hordofee dhufe kun akka
dogoggoraafi hubannoo walii dhabuurraa dhufee fakkaata jechuun Oromoon akka wal
hingabbarsiisne hima.

Dogoggorri yaada kana keessatti ifatti mul‟atu Haaromsi Gadaa kan 1450 konfedereeshinii
yookiin gurmuu gurguddaa lama kan uume osoo ta‟eellee Oromoorratti osoo hintaane diinota
lafaafi qabeenya Oromoo saaman irratti ture. Gurmuun lamaan uumaman jedhu kana keessaa
warri Booranaa akka gabbarsiisan hima malee qooda Baarentuu hinkaa‟u. Kana Jechuun warri
Baarentuu yookiin sochii tokko hintaasisne yookiin ammo isaanumatu akka gabarootti
moggaafame jechuudha. Kanaaf yaadni kun matuma isaatinuu Kaayyoo qoodamaafi ijaarsa
gurmuu kanneenii ifatti kan ibsu miti. Gama biraatinis gurmuun Booranaa qofti haaromsa
kanaan humna godhatee akka gabbarsiisuuf socho‟eetti kaasuun waan dogoggoraati. Sababnisaa
sochii haaromsa sirna kanaan booda taasifame barreessitoonni habashootaa mataan isaanituu
dhaadhessanii akka tokkummaan Oromoo isaaniifi sirna isaaniif yaaddoo tureetti ibsu waan
ta‟eefidha.

Gama biraatiin Mahaammad (1990 ),waa‟ee Booranaafi Baarentuu gurmuu ta‟uu ibsuun haalafi
yeroo qoodamiinsa kanaa garuu shakkiidhaan tarii gara jaarraa 14ffaafi isa dura ta‟uu hin oolu
jechuun kaa‟a.Akka Hayyuun kun jedhutti gareen Gannaalee irraa gara lixaatti argaman maqaa
42

Boorana jedhu yoo fudhatan, gara Bahaatti kan argaman immoo maqaa Baarentummaa jedhu
fudhatanii sochii kan eegalaniidha. Hayyuun kun kana haa kaa‟u malee kaayyoon hundeeffama
gurmuu kanaa sochii wahiif erga ta‟ee qabsoofi sochiin cimaan jaarraa kana keessa bifa
gurmuutiin taasifame kan eeru hinjiru. Sochiin Oromoo cimaan bara 1450 booda akka ture innuu
ibseera.

Dabalataan wanti asirratti hin liqimfanne gurmuun kun Oromoo kallattii hundaatti argamu
hammam bakka bu‟a kan jedhuudha. Warreenumti kallattii jedhhame kana keessatti argamanuu
kan gurmuu kana jalatti of hinwaamne akka jiran ragaaleen biroon kan dhihaatan jiru.
Fakkeenyaaf akka Kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa keessatti dhihaatetti
manguddoonni lafa Shawaa keessa jiraatan kan gurmuu kana jalatti of hin waamne akka jiran
ibsa. Yaada oliitiin kan isaan wal fakkeessu garuu maqaan Booranaafi Baarentuu jedhu gurmuu
Oromoon ittiin wal ijaaree humnasaa cimsate ta‟uudha.

Gama biraatiin kitaaba Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa Hanga Jalqaba Jaarraa 20ffaa
jedhu keessatti Hundeeffamniifi sochiin konfedereeshinii Booranaafi Baarentuu bu‟aa walitti
bu‟iinsa yeroo dheeraa Oromoon humnoota kaaba baha Afrikaatti walmorkataniiti jechuun kaa‟a.
Kunis haaromsi Gadaa kan barbaachiseef dhiibbaa gama kamiinuu irratti gaggeeffamaa ture
ofirraa hambisuuf yoo ta‟u, innis bu‟uura qubsuma gosoota Oromoo akka ta‟uu danda‟e ibsa.
Haaluma kanaan Booranni boroo yookiin gama lixa biiftuutti, Baarentuun immoo bariitti yookiin
gara baha biiftuutti aananii akka socho‟an kallattiin kaa‟ame jedha. Haaromsi kunis tooftaafi
adeemsa Oromoonni lafa abbaa isaanii ittiin deebifatan sirriitti yoo ibsu, xiyyeeffannoo guddaa
kan itti kennames kutaa gadaa akka ta‟e eera. Yaada kanarraa wanti hubatamu sochiin kun kan
Oromoon bifa qindaa‟een gahee waliif kennee humnoota isa dhiiban ittiin ofirraa qolachuu
eegale malee walgabbarsiisuuf akka hintaaneedha.

Ragaan biraa kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa jedhu keessatti dhihaatees yaadonni
Booranaafi Baarentuun maqaa nama dhuunfaati jedhan waa‟ee Oromoo hubannoo gahaafi
qorannaa gadi fageenyaa gochuu dhabuurraa dhufan kan jedhuudha. Isa kanaafis akka ragaatti
kan dhiheessu Oromoonni kaabaa maqaa Booranaafi Baarentummaa jedhu sabaahimaalee irraa
kan dhagahan yoo ta‟e malee akka gosaatti kan itti lakkaawwataniifi beekan akka hintaanedha.
Yaadni kunis kanneen olitti eeraman lamaaniin Booranniifi Baarentuun gurmuu Oromoo
gurguddaa ta‟uurratti walsimata. Akka yaadolee ka‟an kanaatti Oromoonni hidda latiinsa isaanii
43

keessatti maqaa kana lameen hinlakkaawwanne kan jiran yoo ta‟u maqaan Booranaafi Baarentuu
jedhu sanyii yookiin gosa Oromoo osoo hintaane gurmaa‟insaadha. Gurmuun kunimmoo
dhiibbawwan waraana garee kiristaanaafi amantaa islaamaa ofirraa qolachuuf akkasumas lafa
irraa fudhatame deebifachuuf kan barbaachiseedha. Kanaan alatti Oromuma weeraruuf yookiin
waldiddaan Oromoota gidduu jiraatee Oromoodhuma humnaan cabsanii gabbarsiisuuf miti.

Ragaaleen mata duree kanarratti jiran hedduun Gurmuun kunis haaromsa sirna Gadaa 1450 irratti
ijaaramee haalli ittiin moggaafame garuu boroofi bariitti Oromoota aanan jechuurraa kan
jedhurrattu duufu. Haalli kun haala jiruufi jireenya ummata Oromoo jijjiiruu bira darbeeyyuu
gosoonni baay‟een bifa adda ta‟een Booranaafi Baarentuu akka abbaa isaanii ta‟eetti himachuu
akka jalqabanis bifa shakkiinis ta‟u iddoo heddutu dhihaatera. Gosoonni duraan qoodamiinsa
kana lamaan jalatti hin argamnellee akka itti makamaa deemaan himama.

Egaa ragaalee armaan olitti qorattootaafi barreessitootaan dhihaate kanarraa wanti hubatamu
Booranniifi Baarentuun gurmuuwwan gurguddoo Oromoon ittiin ijaarame akka ta‟eedha. Damee
dhalootaas haa ta‟u yookiinis kan gurmuu Oromoon hundee tokkorraa kan dhufeefi babal‟ate
waan ta‟eef Oromummaan qooodamiinsa keessaa bahanii ilaalcha biyyaalessummaa qabaachuu
akka ta‟eetti sirba kanaan kaafameera. Qorannoo kanaanis hiika Booranaafi Baarentuu kaa‟uu
osoo hintaane Oromoon saba bal‟aa qubsumaan faffaca‟ee jiraatu ta‟ullee madda tokkorraa
dhufuu isaati. Seenaan saba kanaas kan caalaatti bal‟aafi walxaxaa waan ta‟eef qorannoo bal‟aa
kan barbaadu waan ta‟eef hayyootaaf akka hojii manaatti kan dhihaachuu qabuudha. Kanaaf sirbi
Keekiyyaas seenaa bal‟aa saba kanaa bifa walalootiin jechootaan cuunfee kan dhiheesse hojii
dinqisiifamatamuudha.

Akka yaada walaloo sirbaa kanaattis ta‟ee yaada hayyoota armaan oliitti Oromoon Booranaafi
Baarentuun haa gurmaa‟u malee itti waamamni isaanii tokkuma. Gurmuun lameenuu ilmaan
abbaa tokkooti. Haalli jireenyaa aadaan, afaan, sirniifi seenaan isaanii kan walooti. Oromoon
Itoophiyaa keessaas ta‟ee Itoophiyaadhaan ala jiru kan inni ittiin waitti dhufuufi dursisiifachuu
qabu Oromummaa isaati. Akkuma maaddiin maatii gahee hojii adda addaarra oole walitti fidee
iddoo tokkotti walitti fidee wajjin soorachiisu Oromummaanis qabeenya walee Oromoo
bu‟uurarraa walitti hidhuudha. Dhaloonni gurmuu Booranaafi Baarentuu jala jiru kamuu
Oromummaa ofiis ta‟ee obbolummaa walii beekee kaayyoo tokkoof jiraachaa akka ture sochiin
44

daangaa ofii deebifachuuf haaromsa sirna Gadaa kan yerosii booda gurmuuleen Oromoo lamman
kun taasisan raga guddaadha.

Gabateen Oro kun kaleessa Oromoota akka waliigalaatti walitti fiduun daangaa deebifachiistee,
dhiibbaa adda addaas irraa ittiste. Gabateen kun kaleessas ta‟ee har‟as gabatee obbolummaa, kan
hidda tokkorraa uumamanii waltumsuun ittiin jiraataniidha. Har‟as Oromoon lakkoofsaan
dabalaa haa deemu malee harki caalaan kan inni himatu gurmuudhuma lameen kana. Gariin
sababoota garaagaraatinis gurmuu kana hin himanne yoo jiraatellee bu‟uurri isaa Oromoo yoo
ta‟e baay‟inni, adda fageenyiifi dhiibbaan biraa kamuu miira malee dhiiga Oromummaa ittiin
dhalate sana jijjiiruu hindanda‟u. Haa jaalatuus yookiin haa jibbuus kan inni himatuufi itti galu
Oromoodhuma ta‟a jechuudha. Kanaaf akkuma kaleessaa gabatee Oro sanaan walqindeessee
obbolummaa isaa daran cimsee akka jiraatu jajjabeessuufi kakaasuun kaayyoo sirbichaa akka
ta‟e hubachuun salpaadha. Dabalataan, sirboota keekiyyaa keessatti bo‟oowwan walaloo armaan
gadii Oromoon Afrikaatti seenaa yeroo dheeraa qabaachuufi cimaa turuu akkasiin ibsu.

Boroon Aakkoo Manooyyedhaa


Bariin mootee olka’i jedha
Haawwan keenya mootii
Nu warra seenaa fagooti (KB_Q3_2017 toora 1-4)

Aakkoo Manooyyeen mootii dubartii Oromoo bara durattii turteefi seenaanshee afoolaan
himamaa as gaheedha. Mootittiin kun ajajoota ciccimoofi wantoota hojjachuun namootatti
ulfaatu kennuun kan beekamtu akka turte afoolli Oromoofi barreeffamoonni seenaa tokko tokko
ni dubbatu. Akkoo Manooyyee bara ishiitti nama laafaa hin jaalattu jedhama. Bara tokko
waaqaafi lafa jidduutti mana naa ijaaraa; bookee qalqalloo (subbaa) guutuu naa qabaa; waan
fardaa gadii harreedhaa olii naa fidaafi kan kana fakkaatan jettee nama ajajaa akka turte afoolaan
dubbatama. Waaqaafi lafa jidduutti mana jaaruuf abbaatu utubaa dhaabbataa ati utubaa nuu
dhaabii jedhaniin; bookee qalqalloo tokko fiduuf ammoo faandoo harree walitti guuranii turraan
bookee ta‟e; waan harree olii, kan fardaa gadii ammoo har-diidaa qabanii itti geessan jedhama

Akka himtee afoolaatti, dubbiin Akkoo Manooyyee nama qaroomsiti, waan ishiin ajajjje sana
guutuuf namoonni itti yaadanii waa hedduu xiinxalanii waan guddaarra gahu. Kanaaf dubartii
jabduun mataa duulaa kun mootii ganamaa kan Oromoon baroota dur keessa qabu turte.
45

Keekiyyaanis sirba isaa kana keessatti seenaan mootiifi cimina Oromoo dur kan ture ta‟uu
dubartoonni ciminaan hojii biyya isaanii hogganuufi saba isaanii gahoomsuu akka qaban
dhaama.

Kanarratti Gammachuun (1990), afoolan walqabsiisuun seenaan Oromoon afaaniin walitti


dabarsu himteen akka waa‟ee Aakkoo Manooyyee, Weecee, hayyuu Suufoo Gorfee fa‟aa akka
innii dubartii isaa jabeeffatu akkasumas,Oromoon raagafi qaroo qabu nu barsiisa jechuun
ibseera. Egaa Akkoo Manooyyee seenaan ishee afoolaan haa daddarbaa dhufu malee dubartii
mootii jabduu akka turte ragaaleen eeran jiru. Akka ragaattis, har‟allee lafti isheen itti gatamte
jedhamu Qilee Akkoo Manooyyee jedhamuun gara Nageellee naannoo Diida Liibanitti
waamamaa jira. Kanaaf Keekiyyaan sabni kun seenaa yeroo dheeraa kan qabu, waggoota
hedduun duratti mootiifi guddaa akka ture ibse.

Dimshaashumatti, seenaan Oromoo barreessitoota habashaa kanneen ilaalcha jibbiinsa saba


kanaatiin guutamaniin barreeffameefi hordoftoota faana isaaniin barreeffamu kamuu dhugaa
Oromoo gara balleessee Oromoofi Oromummaa xureessee dhiyeessa. Inumayyuu madda
Oromoo yeroo itti baha Afrkaan ala baasanii akka godaantotaatti kaa‟antu baay‟ata. Eenyummaa
isaas namummaa keessaa baasanii bifa bineensaafi gara jabummaan hiiku. Qaroominaafi as
geettii biyya kanaa keessattillee akka qooda homaatuu hin qabneetti dhiheessu. Kun hundi
ilaalcha jibbiinsaafi diinummaa irraa kan maddeedha. Oromoo ofis wallaalchisanii,
xiinsammuudhan gabroomsuufi saboota addunyaa biratti fudhatama dhabsiisuun, Oromummaa
balleessanii biyyattii kana simboo habashummaa uwwisuudhaan dhuunfachuun karoora warra
kanaati. Kanaaf Oromoon isa kana hubatee dammaqee Oromummaan wal ijaareefi tumsee akka
Afrikummaafi guddummaa Afrikaa keessatti qabu agarsiisuu qabaan akeeka bo‟oowwan walaloo
sirbaa armaan oliiti.

Kun kan agarsiisu, Oromummaan ilaalchaafi sochii walabummaa Oromoof taasifamu kamuu
deeggaruufi jajjabeessuudha kan jedhudhuudha. Akkuma gara jalqaba boqonnaa kanaarratti
kaafamuuf yaalame eenyummaan miiraafi raawwiwwan qaamni tokko addunyaa keessa jiraatu
sana keessatti ittiin mul‟atuun calaqqisiifama. Kana jechuunis aadaan, afaan, duudhaan
hawaasummaafi siyaasaa jiruuf jireenya keessatti raawwataman haalli ittiin mul‟atan saba
yookiin garee tokko kan biraa irraa adda baasuuf bu‟uura. Kunimmoo, sabni yookiin gareen sun
eenyu akka ta‟e mul‟isu waan ta‟eef hammattoowwan eenyummaa sabichaa ta‟u. Adeemsa
46

jireenyaa keessatti gareen fedhiin isaanii ofii qofa jiraachuu ta‟e eenyummaa garee tokkoo
dhabamsiisanii addunyaa jireenyaa sana eenyummaa ofii uwwisuuf tattaafachuun ni jiraata.
Haaluma kanaan saboonni eenyummaan isaanii hacuuccaafi dararaa garee biraatiin jalaa
miidhamees ta‟ee bade hedduudha.

Saboota haalonni akkanaa mudatan keessaas Oromoon isa tokkoodha. Sabni kun sirna mootolii
habashaa kaleessaa hanga har‟aa keessatti cunqursaa irra gaheefi gahaa jiruun eenyummaa isaa
gadi lakkisee kan habashootaa fudhatee akka jiraatu tarkaanfiin fudhatamu laafaa miti. Gama
Oromootinis eenyummaa isaa tikfachuun ofta‟ee addunyaa bilisaan keessatti uumame keessa
bilisaan jiraachuuf qabsoon diina ofirraa ittisuufi eenyummaa ofii kunuunsuuf taasifamaa tureefi
jiru laayyoo miti. Kanaaf sochii Oromoon bilisummaa qaama biraa sarbuuf osoo hintaane kan
isaa gonfachuufi eenyummaa ofiin mul‟atee jiraachuuf taasisu kamuu deeggaruun
Oromummaadha. Akka Asaffaan (2007) jedhutti Oromummaan dammaqiinsaafi sabboonummaa
Oromoo irratti fuulleffachuun humna sabboonummaa Oromoo cimsanii walabummaafi
dimokiraasii sabdaneessaa gonfachuudha. Kunis qajeeltowwan Oromummaatti dhimma bahuun
Oromoota biyya keessaas ta‟ee biyyoota alaa keessa jiran hoggansa tokko jalatti gurmeessuufi
humna dhaabbilee hawaasa Oromoo cimsuudhan ta‟a.

Egaa akka yaada hayyuu kanaatti Oromummaan sabboonummaa sadarkaa dhuunfaatti namni
tokko qabaatu caalaa miira biyyaalessummaa waliigalaa qabaachuun bilisummaa saba ofiif
hojjachuudha. Inni kunis, namoota dhuunfaas ta‟ee gareewwan eenyummaa saba isaaniin
boonaan, jaalala biyya ofiitiif qaban akkasumas bilisummaa biyyaafi saba isaaniif dhaabbatan
waliin dhaabbachuun ta‟a. Dhaabbileen kaayyoo walabummaa Oromoof dhaabbatan kamuu
hoggansa, umrii, uwwisaafi maqaa adda addaa qabaatanillee hanga kaayyoon isaanii eenyummaa
Oromummaaf falmuufi tiksuu ta‟etti kanuma Oromooti. Isa kanas sirbi Keekiyyaa akkas jechuun
dhiheessa.

Shaneefi ABO
OLF KFO
Hin barreen haa bartu
Oromoodha martuu (KB-Q6b- 2020 toora 37-40)
47

Bo‟oowwan walaloo armaan olii keessatti kanneen tuqaman maqaa dhaabbilee siyaasaa
Oromooti. Dhaabbileen siyaasaa kunniin yeroo hundeeffamanirraa kaasanii qabsoo Oromoo adda
durummaan kanneen utubaa dhufaniifi hanga har‟aattillee dhiibbaa sirna bulchiinsa biyyattii
falmuun tarree jalqabaarratti kanneen argamaniidha. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)
jaarmayaa siyaasaa kiyyoo garbummaa habashootaa finciluuf bara 1973 keessa ijaaramee
Oromoota barsiisuu, dadammaksuufi tokkummaan ijaaramee akka mirgaafi biyya ofii falmatu
gochuurratti sochii guddaa kan taasiseedha. Akeekni dhaaba kanaas mirga hiree murteeffannaa
ummata Oromoo kan uumamaan qabu mirkaneessuu akka ta‟e fuulli barruu dhaabichaa ni ibsa.

Dhaabni siyaasaa kun sirnaafi dhaadhessitoota habashummaaf bowwoo mataa isa guddaa ta‟ee
kan yeroo hunda balaaleffatamuudha. Ummata Oromoo biratti immoo akka gaachana
Oromiyaafi Oromummaatti fudhatamuun qabsoo Oromoo cichoominaan utubee dhaaba har‟aan
gahe akka ta‟e seenaawwan hedduun ni kaasu. Kufaatii dargiirratti qoodni Adda Bilisummaa
Oromoon taphate sadarkaa duraarratti argamullee yeroo mootummaa cehumsaa bara 1991 irraa
kaasee waliigalteerra gahuu dadhabuurraa Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannootti cichee
ture. Ta‟us qaamni biyyattii bulchuuf aangoo qabate maqaalee adda addaa shororkeessummaan
itti moggaasuun biyyarraa ari‟uu, hidhuufi ajjeessuun gidiraa guddaa miseensota dhaabichaa bira
darbee saba Oromoo irraan gaheera.

Gama Biraatiin gabaajeen bo‟oo lammaffaa keessatti tuqame Kongirensii Federaalawaa Oromoo
kan jedhutti yoo hiikamu innis Adda Bilisummaa Oromotti aansee dhaaba qabsoo Oromoo
utubuufi tarkaanfachiisuu keessatti qooda olaanaa taphateedha. Paartiin kun qabsoo hidhannoon
alatti akka paartii mormituutti biyya keessaafi alaatti mirga Oromoofi Oromummaaf kanneen
dhaabbatan keessatti kan hammmatamuudha. Miseensotni dhaaba kanaas akkuma kan dhaaba
jalqabaa hiraarsaa fi gidirsaa mootummoota Habashaan dararamaa kan turaniifi jiraniidha.
Miseensummaan dhaabaa maqaa haa ta‟u malee sirnootni mootota habashaa Oromoo dammaqe,
eenyummaa isaatti boonuufi quuqama Oromummaa qabu kamuu adamsanii ajjeesuufi hidhuun
amaleeffatamaadha. Isaan biratti Oromummaan akka meeshaa guddaa sirnaafi biyya isaan
eenyummaa isaanii haguuganii ijaarratan diiguufi kuffisuutti waan ilaalamuuf jechuudha.

Haaluma kanaan garee yookiin dhaabbilee bilisummaa Oromoofi Oromiyaaf qabsaa‟an kamuu
osoo fedhiifi faayidaa dhuunfaaf dabarsanii hinkennin kaayyoo sirriifi qajeelarratti tiksanii
jiraachisuufi utubuun Oromummaa jiraachisuudha. Sababni isaa, eenyummaan sochiifi miira
48

addunyaa keessa jirru keessatti ittiin mul‟annuun calaqqisa waan ta‟eef jireenya saba ofii
qooddachuu gaafata. Eenyummaa ofii ganamaatti boonuun kan warra biroos kabajanii safuufi
seera uumaa tiksuun karaa jireenya Oromoo isa qajeelarra bu‟uudha. Kunimmoo Oromummaa
ofiif kabaja kennuudha.

Akkuma qorannoowwan adda addaa yeroo Oromummaan ka‟e sirni Gadaa akka biraa hin hafne
eeran sirba Keekiyyaa keessatti Gadaan sirna mataa Oromoo walitti qabuufi furmaata rakkoolee
jireenya saba kanaa kan roga maraa akka ta‟etu tuqame. Abbaan Gadaa gaggeessaa saba kanaa
waan ta‟aniif rakkoo sabichaa callisanii ilaaluun akka irra hinjirres bo‟oowwan walaloo armaan
gadii irraa hubachuun ni danda‟ama.

Abbaan Gadaa beenuu bishaan mataa yaa'aa


Dhaabbadhaa waliin laalaa sabaaf xurree kaa'aa (KB-Q6b- 2020 toora 47-48)

Akka bo‟oowwan sirba kanaatti sabatti karaa agarsiisuu kan qabu Abbaa Gadaati. Abbaan Gadaa
qaamota caasaa sirnichaa hunda waliin mari‟achuun rakkoo saba mudate kamiifuu furmaata
kennuu qaba. Oromoon yoo haala kanaan hindeemne sirna ofii gatee, walis diigee rakkoo
hamtuu mudata jechuudha. Kun kan nu agarsiisu Gadaan Oromoo cabuun Oromoos ta‟ee
Oromummaa cabsuuf bu‟uura akka ta‟eedha. Egaa sirboonni kun duudhaa Oromummaan guutuu
qabu keessaa inni bu‟uuraa sirna Gadaatiin buluufi falaasamicha akka qajeelummaafi furmaata
rakkoo saba kanaatti fudhatanii hojiirra oolchuudha.

Ta‟us, erga sirni Oromoo cabee Oromoon gabrummaa habashootaa jalatti kufee asitti falaaasama
ofiituu akka qajeelaafi sirriitti fudhatee sammuu keessaa Oromoon qabuu qubaan lakkaa‟ama.
Oromoon akkuma sabaattuu Gadaan buluu dhiisee erga faffaca‟ee waggoota hedduu
lakkoofsiseera. Kunimmoo dhaloonni hanguma as dhufaa deemuun sirnaafi duudhaa Oromoo
kaleessaa akka dagataa deemuuf sababa ta‟e. Oromoota baay‟ee amantiilee garaagaraa keessa
jiran biratti raawwiwwan sirna Oromoo ganamaa keessatti ta‟an akka cubbuufi duubatti
hafinaatti ilaalamu. Kanneenumti erga qabsoon Oromoo bifa gurmuufi dammaqiinsa hanga
ta‟eetiin babal‟ataa deemee miiraafi hamilee sabboonummaa horachaa dhufanillee haalaafi
caaseffama raawwiwwan sirna kana keessaa hedduu hinbeekan.

Waan yeroo dheeraaf adda cite eessarratti akka dhaabateefi eessaa ka‟ee itti fufuu qaba jedhanii
tartiiba sirriitti deebisanii hojiirra oolchuun ulfaataadha. Isayyuu waan barreeffamaan kuufamee
49

hinjirre qindoomina isaa kan duraafi sirriitti deebisuun rakkisaadha. Namoota yeroo inni
dhaabbatu qooda fudhataa turanii argachuun waan hindanda‟amneef jechuudha. Kanaan
alattuummoo jijjiirama jireenya sabichaa gaafasii hanga har‟aa gidduu jiruun walqabateetuu
wantoonniifi haalonni yerosii har‟atti hinjirreefi hin danda‟amne hedduutu mudachuu malu.
Kanaaf, iddoowwan xurree wahii argamee sirnicha deebisuuf tattaafatamettillee hangafummaa,
tartiiba marsaalee Gadaa, ulaagaalee guutamaniifi eenyu maala akka raawwaturratti walxaxiinsa
hedduun sirnichi bifa asilummaa isaa duriin hojiirra hin oolle.

Gama biraatiin natu siif beekaafi sibeeksisaa qaamota biyya bulchaniitiin bilisummaan abbootii
gadaafi caasaalee sirnichaa waan sarbamuuf Oromoon har‟allee sirna Gadaan buluu
hindandeenye. Abbootiin Gadaafi caasaaleen isaanii kan filataman ulaagaa sirnichaa kamuu
keessa darbanii osoo hintaane ijjannoofi fedhii garee muraasaafi qaamolee mootummaatini.
Kanaaf hojiin isaan hojjatan caasaa mootummaa waliin qindaa‟anii afaan mootummaa ta‟anii
malee kan ummataa ta‟anii ummata waliin ummataaf miti. Wanti hojiirra ooluus kan Seerri
Gadaa jedhu osoo hintaane kan seerri moototaa jedhuudha. Iddoo baay‟eetti inumayyuu Abbootii
Gadaa kanneen jedhaman warra sirna kana hundeen ijaaruufi bifa isaa ganamaatti deebisuu
barbaadan burjaajessuufi dhabamsiisuuf qaamonni jibbiinsa Oromoo qaban akka meeshaatti kan
itti gargaaraman ta‟anii mul‟atu.

Akkuma walaloo sirba Keekiyyaarratti tuqame mataan gurmuu Oromoo Abbaa Gadaati. Bakka
Abbaan Gadaafi caasaaleen seeraafi bilisummaan qajeelfaman hinjirretti mataan gurmuu
sabichaa hinjiru. Gurmuun mataa dhaabbataafi sirrii hinqabnemmoo bu‟uuras hinqabu; yeroo
kamittuu raafamee faca‟a. Waliin dhaabbatee waliin hojjatee homaayyuu galmaan gahuu
hindanda‟u. Rakkoo kamiifuu falarra gahuu hindanda‟u. Walis hin utubu; rakkoo kamuus
dandamachuu hindanda‟u. Wanti Oromoo mudata jedhamee sirba kana keessatti ka‟es ta‟ee
wanti mudatee jirus kanumarraa madda. Kanaaf Oromummaafi Oromoon cabuuf bu‟uurri cabuu
sirna Gadaa akka ta‟e salphaatti hubachuun ni danda‟ama.

Sirboota keekiyyaa keessatti haalota eenyummaa Oromoo ibsuu keessatti qooda qaban sirna
Oromoo keessaa duudhaalee dhugeeffannaa Oromooti. Duudhaaleen kunniin kaleessa yeroo
Oromoon akka sabaa, jireenyaafi amantiin tokko ta‟ee jiraachaa turetti guutummaa Oromoo
biratti haalaan beekamaafi tikfamaa turan. Har‟a erga sabni kun amantii, haala jireenyaafi
ilaalcha siyaasaan gargar diigamee garuu kanneen amantii duudhaa ganamaatti cichanii hafan
50

biratti malee heddumminaan kan jaalataman miti. Ta‟us akka Keekiyyaan jedhutti guddummaa
Oromoo ibsuufi Oromummaa dibaabee tokko jalatti jiraachisuu keessatti gahee kan qabaniidha.
Duudhaalee kanneenis haala armaan gadiin qaaccessinee haa ilaallu.

1. Safuu

Akka dhugeeffannaa Oromootti, Safuun seera uumaa umamaa isa jalqabaa yookiin ganamaati.
Hariiroon uumaafi uumamaa (lubbuu qabeeyyiifi lubbu dhabeeyyii) gidduu jiru “Safuu”
jedhama. Safuun Oromoo ilmi namaa seera uumamaa beekee heeraafi seera ofiisaa baafatee,
uumamaawwan biroo kabajee hammeenyummaa hojjachuurraa of daangessee akka jiraatu kan
taasisuudha. Innis kan jalqaba ture, gara fuula duraattis kan jiraatu fedhiifi seera Waaqaa kan
eeguudha. Akka ilaalchaafi duudhaa Oromootti safuu eeggachuun ulfina Waaqaa of dura
buufachuudha. Karaa qajeelummaa qabatanii, akka oboofi cooraatti walkabajanii jiraachuutu
safuudha. Safuun ayyaanaafi mirga uumama maraa eeganiifi waan Waaqayyoon namaaf qoodeen
jiraachuudha. Akka kitaaba Daaniyaa keessatti kaa‟ametti safuun seera yayyaba walitti
dhufeenya uumaafi uumamaa qajeelchu, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa tiksuufi to‟atuudha.

Uumamni marti ayyaana uumaan isaanii kenneefin yoo gaggeefaman ayyaanni isaanii kunimmoo
safuudhaan eegama yookiin qajeelfama. Akka Oromoon jedhutti Safuun yoo jal‟ate yookiin
cabe, madaalliin uumamaa ni jeeqama. Wanti Oromoon yoo wanti mul‟atee hinbeekne yookiin
haalli kanaan dura uumama keessatti beekamu bifaafi seera duriisaa gad lakkise kuni safuu
waaqaati jedhuufis kanumaafi. Waan Waaqaa ni safeeffatu, ni hoodeffatus. Yoo kana hintaane
Jireenya uumamaaawwan lafa kanarraatu akka dhabee jeeqama. Jeeqamni madaallii uumamaa
cubbuu Walaabuutti fida. Seerri Makkoo Biliitis safuu ilaalchisee akkana jedha “Ilmi abbaaf
haadhaa Safuudha; Saafuu waliif haa Kennan! Saalfiifi qaanii wal haa hedatan, kabaja walii haa
kennan! ” jedha.

2. Ayyaantummaa

Ayyaantummaan ayyaana uumaan gonfeenii nama uumuudha. Kunis falaasama amantii duudhaa
Oromoo keessatti baay'inaan kan beekamu yoo ta'u hiika isaa irratti hayyoonniifi qorattoonni
garaagaraa yaada hedduu addaaddummaa hinqabne kennu. Gama amantiifi aadaa Oromootiin
yoo ilaallus hiika bal'aa qabaata. Akka hiree gaariitti, akka hafuuraafi akka guyyaa ulfina
qabuuttis ni ilaalama waan ta'eef jechuudha. Akka falaasama Amantii Oromoo ganamaa
51

Waaqeffannaatti, ayyaanni humna uumaa kan waaqayyo uumama isaa kamuu tiksuuniifi
jiraachisuunidha. Kanaafuu ayyaantummaan ayyaana waliin dhalatan waliin jiraachuufi
qabaachudha.

Ayyaanni kunis kennaa waaqarraa uumama maraaf kennamu yoo ta'u, uumamaafi uumaan
Ayyaantudhaan akka walqunnamantu amanama. Ayyaantuun nama ayyaanota uumamaa hiikuufi
beeku namaafi Waaqa walquunnamsiisu jedhama. Egaa falaasamni kun osoo Oromoon
amantiilee alarraa dhufaniin hinqoqqoodamin akka sabaatti kan dhugèeffatu ta'ullee ammas
Waaqeffannaa keessatti iddoo guddaa qaba. Kanaaf sabni Oromoo Waaqaatti diheenyaafi
qunnamtii kan qabu akka ta'eefi kunimmoo humna diinaa kamuu irraa ittisuu akka danda'u eera.
Ayyaantummaan bekumsa uumaan dhangihamuu waan ta'eef sabni kunis ayyaantummaa isaatiin
kan waa raagu, waan itti dhufuuf deemu argee itti qophaa'u, tumsa Waaqaan jiraatu salphaatti
diinaa kan hincabne ta'uu sirbichi ni dhaama.

Akka Gammachuun, (1996) jedhutti uumamni kamiyyuu bifa lama kan ijaan argamuufi hin
argamneen yoo uumamu,qaamni uumamichaafi ayyaanaadha. Dabalataanis ayyaanni kamiyyuu
karaa humni waaqaa ittiin mul'atu akka ta'e hima. Kitaabni Seenaafi Sirna Oromoo Maccaa
Hanga Jalqaba Jaarraa 20ffaa tti jedhuufi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaan (2015) barraa'es
Cheeruul(1922), D'Abbaad(1905), Asmaaroom(1973) wabeeffachuun ayyaanni hafuura waaqaafi
uumama gidduu jiraatuufi walquunnamsiisudha jechuun ibsa. Dabalataanis, namoota safuu
dabsan irratti miidhaa kan geessisu, kanneen safuu qajeelchaniifi tiksanii ittiin jiraatan
fayyaduufi milkeessudha jechuunis ni kaa‟a.

Egaa yaada hayyootaa kanarraa akkuma hubatamu akka dhugeeffannaa Oromoo ganamaafi
waaqeffattootatti uumamni kamiyyuu ayyaana mataa isaa waliin kan dhalatuufi ayyaanni
kunimmoo dhalootaa dhalootatti darbaa deemu akka ta'eedha. Yoo safuu cabsaniifi karaa
qajeelummaa irraa daban ayyaanni kun uumama dabe sanarraa ni godaana. Ayyaanni uumamaa
godaanun immoo jireenya namaafis ta'ee uumama biroorratti jijjiirama gaarii hin taane fida.
Oromoonis saba ayyaantummaa dhalootaan waliin uumame karaa safuutiin eeggatee seerota
waliin jireenyaa baafatee kan jiraachaa dhufeedha. Galumsa walaloo sirbaa kana keessattis
ayyaantummaa kanarraa addatti waan ibsu hinfakkaatu. Mee walalichumarraa haa xiinxallu.

Kan ayyaantummaa qabu


52

Hin eeginaa hincabu (KB-Q6b- 2020 toora 8-9)

Akka walaloo sirbaa kanattis sabni ayyaantummaa qabu kun akka salphaatti baduu hindandeenye
beekanii balleessuuf tattaafachuu dhiisuu akka qaban dhaama. Ayyaantummaan kennaa uumaan
uumama isaa ittiin tiksu waan ta'eef waaqayyoon malee kan uumamuus ta'ee baduu hin
dandeenye namni du'ullee ayyaanni sun dhalootatti darbee jiraatu waan ta'eef saba
ayyaantummaa qabu kana cabsuun, Oromummaa immoo lafarraa balleessuun akka hin
danda'amnetti kaa'a.

3. Waayyuu

Akka dhugeeffannaa Oromoo ganamaatti waayyuun namoota waabeekoofi raagdota waan


Waaqaafi waaqeffannaa namatti ibsu dubbataniidha. Akka kitaaba Daaniyaa keessatti ibsametti
Waaqni uumama hundaaf walqixa ta‟ullee raajiifi seerri isaa namoota hunda biratti walqixa kan
hubatamu miti. Kanaaf namoonni raajiifi seera isaa hubatanii mil‟uufi mul‟ii akkasumas
ayyaanaafi kennaa waaqaan guutaman kunniin dhugaa, gaarummaafi badhaadhina waaqaa
namoota birootti ibsuuf wayyoomani. Sirba Keekiyyaa keessattis Oromoon saba dhugaafi raajii
waaqaa walbarsiiseefi kabajee jiraatu akka ta‟e haala kanaan dhiheessa.

Yoo balleessan warra darbe


Kan cubbuun ilmaan rakkisu
Oromoon warra ekeraa dubbisu
Warra moorallee dubbisu
Warra dhugaa dubbisu
Ayyaan lakkooftuu dubbisu
Nu Warra dhugaa leellisu (KB-Q6b- 2020 toora 51-57)

Egaa akka bo‟oowwan walaloo sirbaa kanatti Oromoon saba dhugaafi qajeelummaati amanu kan
badii irraa waltiksee jiraatu akka ta‟eedha. Akka dhugeeffannaa saba kanaatti balleessaan
yookiin hammeenyi namni tokko raawwatu cubbuutti lakkaa‟ama. Cubbuun kunimmoo dhaloota
itti aanuttillee darbee milkii jireenya isaaniirratti dhiibbaa geessisuu danda‟a. Kanaafuu soba,
badiifi hammeenyarraa of eeganii qajeelummaan seeraafi safuu uumaa kabajanii jiraachuun
barbaachisaa ta‟uutu dhugeeffama. Seeraafi safuu kana hiikanii dhugaan namaafi waaqa gidduu
53

akka jiraatu kanneen taasisan warra waayyuu jedhamaniidha. Waayyuun sirba kana keessatti
tuqamanis hojii isaanii waliin haala armaan gadiin dhihaataniiru.

 Eker-dubbiftuu

Akka dhugeeffannaa Oromoo ganamaatti, namoota beekumsa waaqarraa argataniin ekeraa


namoota du‟anii nama jiruuun walquunnamsiisantu jiru. Warri eker dubbiftuu jedhaman kun
kanneen lubbuu warra du‟ee afuuraan dubbisanii maatiifi qe‟eesaaniif dhaamsa ykn gorsa
kennaniidha. Akka dhuggeeffannaa kanaatti, jarri kun waan dhalli namaa yeroo lubbuun jiru
dabse, safuufi seera waaqaa cabse yookiin jallise himuun qajeelchu. Kana jechuun immoo
dabicha himuun qeheefi sanyii warra namni irraa du‟ee sana keessatti nagaan akka bu‟u taasisu
malee akka ayyaantuutti fudhatamu miti. Yeroo namni tokko maatii keessaa lubbuun dabarte
osoo mijuu dhibaayyuu hinbaasiin dura qe‟ee warra eker-dubbiftuu kanaa dhaquun dhaamsa
ekeraa dhagahu. Akkasiin ekeraan nama du‟ee sun du‟aa isaaf/isheef waan sababa ta‟e,
dhibaayyuu akkamii, eenyu harkaa akka fudhatu, gara fuula duraatti maatiin sun maalirraa of
eeggachuu akka qaban dhaamtiif.

 Maallima

Waayyuun kun nama uumamaan kennaafi ayyaana rooba roobsisuufi caamsisuu qabu jechuudha.
Namoonni kunniin aarsaafi amantiin kadhannaa isaanii waaqa dhageessifatu. Haaluma kanaan
dhugeeffannaa Oromoo kana keessatti maalimni waayyuu waaqaan walquunnamanii rooba
roobsisuun namoota gargaaran akka ta‟an kitaaba „Daaniyaa‟ jedhamu keessatti ibsameera.
Maallimni roobsitoota yoo ta‟an roobni immoo mallattoo hormaatati. Lubbu qbeeyyiin kamiyyuu
kan isaan jiraataniifi itti fufiinsa qabaatan bishaanini.

 Moora Laaltuu

Moora laaltuun akka dhugeeffannaa Oromootti namoota kennaa moora horii qalamee dubbisuun
waa himuu qabaniidha. Kennaan kunis kennaa addaa kan namni biraa ijaan arguu hindandeenye
moora horii laaluun waa kan itti namaaf hoodaniidha. Akka mammaaksa Oromootti “Oromoon
ooda bula” jedhama. Oodni waan akka hin raawwatne irraa of eeguu qabaniidha. Kanaaf moora
laaltunis warra moora horii ilaalanii ooda kana himuuf uumamumaan beekumsa isaa
dhangi‟amanii dhalataniidha.
54

4. Ayyaanota

 Ateetee
Ateeteen ayyaana hormaataati. Hormaanni immoo heera uumaati. Akka falaasama Oromootti
dhalli namaa ayyaana hormaataa waaqarraa gonfama. Kunis karaa dubartiitiin qajeela. Akka
kitaaba Daaniyaa (2006:92) keessatti ibsametti ateeteen diriiroo waaqeffannaa keessaa isa tokko
yoo ta‟u, ayyaana dubartootati kan jedhameefis, sirna ateetee dubartii qofaatu bulfata. Ayyaanni
dubartii kunis kan qe‟eefi warra eegdee qajeelchituudha. Baksilar, (1975), ateeteen sirna
dubartoonni Oromoo waaqa ittiin kadhatan akkasumas, hawwiif abdii jiruuf jireenya isaanii
keessatti qaban ittiin ibsan ta‟uu eera.

Sirni ayyaaneffannaa kun irra caalaatti hirmaachisummaa dubartootaan raawwata. Kunimmoo


yaada maddi hormaataa dhala namaa dubartoota jedhurraa ka‟eeti jedhama. Lafti, bishaaniifi
dubartiin yoo hinjiraanne hormaanni akka hinjirrettis amanama. Dhala dhabuun dabuu seera
uumamaati jedhama. Kanaaf, safuu cabe qajeelchuu keessatti sirnoota qooda qaban keessaa
tokko ateeteedha. Amantii duudhaa Oromoo ganamaa keessatti rooba kadhachuun adda
durummaan dubartootaan kan gaggeeffamuufis kanaaf akka ta‟etti fudhatama. Bakka tokko
tokkotti ateeteen ayyaana hormaata namaaf gaggeeffamu qofa osoo hintaane hormaata loonifillee
gaggeeffamuudha. Dubartootaafis ta‟ee horiifis kan kabajamu garuu kaayyoon isaa wal
hormaataafi badhaadhina qajeelchuufi rakkoo mudate tokko faluudha. Ateeteen siinqeefi
caaccuun yoo gaggeeffamu iddoo tokko tokkotti sirni siinqeefi ateetee akka tokko ta‟etti
himamuu kitaabni Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa ni tuqa.

 Irreecha

Irreechi ayyaana Oromoo kan Waaqa galateeffannaafi kadhannaati. Ayyaanni Irreecha kun
Oromoon falaasamaafi ilaalcha addunyaa keessatti jiruufi waaqaa akkasumas raajii isaa,
dhalootaafi iccitii jireenyaan walitti fiduu kan mul‟isuudha. Akka dhugeeffannaa Oromootti
sanyiin namaa horee kan baayyatu, kan faca‟e du‟aa ka‟ee ija kan godhatu atoomsaafi gargaarsa
humna waaqatiin jedhama. Sirna irreechaa kan hoogganu jaarmayaa Qaalluutti. Irreechi iddoo
adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni guguddaan bakka lamatti raawwatama, Isaanis: Irreecha
Tulluufi Irreecha Malkaati.
55

Irreechi Arfaasaa (Tulluu) Bonni darbee roobni Afraasaa yeroo itti eegamuutti irreeffatama. Innis
hongee bonaa nagaan darbuuf galateeffachuufi rooba kadhachuuf kan irreeffatamuudha. Irreechi
Birraa (Malkaa) yeroo ganni xumuramee seensa baatii birraa keessatti irreeffatama. Iddoon
irreecha kanaa, malkaafi hora gurguddoo irratti yoo ta‟u, rooba gannaa nagaan hulluuqanii
booqaa birraatti bahuuf kan itti waaqa galateeffataniidha. Egaa sirboota Keekiyyaa keessattis
ayyaanota kanniinis ta‟ee duudhaafi safuu Oromoo beekanii, kabajaniifi ittiin jiraachuun dhimma
eenyummaa akka ta‟etti kaa‟aman. Kanas bo‟oowwan walaloo sirba keessatti argaman kanarraa
salphaatti hubachuu dandeenya.

Ofdanda'aa of dandeenya ragaa


Irreecha irreen warra keenyaa x2
Toorri eenyummaa tooranaa
Yaa Hortee kachaa warranaa
Ilmi hangafaa Boorana x2 (KB-Q6b- 2020 toora 17-21)

Akka walaloo sirbaa kanattinamni Oromoodha jedhee of waamu kamuu raga eenyummaasaa
ibsu beekuufi qabaachuutu irra jiraata. Ayyaanota Oromoon akka Oromummaatti waliin qabu
keessaa irreechi kan tokkummaa sabaa ittiin cimsaniifi eenyummaa ofii calaqqisiifataniin ta‟uus
asirraa ni hubatama. Irreechi irree keenya kan jedhamuufis kanumaafi. Irreechi waqtii namoonni
gargar fagaatanii turan miira ifaafi gammachuutiin deebi‟anii walargan, waliin galateeffatanii
jaalala, nagaafi tokkummaa itti labsaniidha. Kanaaf miirri obbolummaafi Oromummaa ayyaana
kanarratti jiru daran cimaafi adda kan ta‟eedha.

4.2. Seenaa Weellistoota Oromoo sirboota kanneen keessatti


Sirboota Keekiyyaa filataman kana keessatti akkuma Oromummaanibsamuuf yaalame qoodni
goototni Oromoo roga adda addaan jiran Oromummaa tiksuu keessatti qabanis tuqameera.
Keessattuu weellistoonni Oromoo dararaa garaagaraa dhamdhamuurraa hanga lubbuu ofii aarsaa
taasisaa turuu walaloowwan kanneen keessatti kaafamee jira. Oromoon jaarraa tokkoof
walakkaadhaa oliif sirna mootota habashaatiin gabroomuus yeroon itti garbummaa kana tole
jedhee fudhate hinjiru. Keessattuu sirna Minilik yeroo Oromoon gamtaan bahee humna cimaa
biyyoota Awuroopparraa gargaarsa meeshaalee waraanaa ammayyaawaan isa barbadeessuuf
dhufe jala dhaabbaterraa hanga har‟aatti wareegamni Oromoon kaffale salphaa miti. Fincila
56

diddaa gabrummaa kana keessattis dura bu‟ummaan kan gaggeessan goototaafi hayyoota ta‟uu
sirbi Keekiyyaas akkasiin kaasa.

Xiyyaara qabsoo keenyaa


Hayyootatuu bararse
Beenzilli isaa dhiigaa
Foon gube lafee itti cabsee (KB-Q6b- 2020 toora 19-22)

Walaloo sirbaa kana keessatti qabsoo saba kanaatti dhiigni hayyoota kumaatamaa akka lola‟e,
foon itti gubateefi lafeen itti cabetu ka‟e. qabsoon kamiyyuu aarsaa gaafata. Keessattuu qabsoon
hidhannoo aarsa isa dhumaa hanga lubbuu ofii kennuutti deemama. Beenzilli si‟eessituu
gubiinsaafi sochii mootorootati. Motoroonni beenzila malee hojii kamuu hin hojjatan. Akkuma
kana qabsoon saba Oromoo xiiqii dhiigaafi lubbuu dhaloota darbaniitiin dhaloota ammaa
qaqqabe. Tarsiimoo ittin gaggeefamu baasanii saba isaanii ijaaraniifi dadammaqsanii
eenyummaa ofiirratti cichee akka eeggatu masakanii kan asiin gahan hayyoota akka ta‟an bo‟oon
jalqabaa walaloo kanaa ni agarsiisa.

Qabsoo Oromoo kaleessaa hanga har‟aa keessatti gootota meeshaa hidhatanii bosona seenan
dabalatee kanneen saba kana ijaaruu, kakaasuu, hogganuufi jireenya sabichaa jijjiirruuf ifaajaa
turanii diinotaan nyaataman kumaatamatti lakkaa‟amu. Sirni mootota habashaa namoota dhugaa
saba isaaniif dhaabbatan, kanneen beekumsaafi dandeettii olaanaa qaban simboon Oromummaa
akka irraa mul‟atu tasumallee kan barbaadu hin turre. Kanarraa ka‟uun roga jabaan Oromoo jiru
kamittuu maqaa hinjirre moggaasuun ajjeesuufi dararuun har‟a osoo hintaane jaarraa tokkoon
duras tureera.

Qabsoon Oromoos osoo hin dhaamin, Oromummaanis osoo hinbadin dhalootaa dhalootatti akka
darbu kan taasisan hayyootaafi gootota lubbuu isaanii aarsaa gochuun qabsoo sana finiinsaa
turaniifi jiran akka ta‟e sirba kanarraa ni hubatna. Bo‟oon lammaffaan walalichaas Oromummaan
salphaatti osoo hintaane qabsoo cimaadhan, qabsicharrattimmoo lubbuu hedduun itti badee,
qabsaa‟onni itti dhiiganii as gahuu isaa ibsa. Qabsoo Oromoon roga maraan taasisu kakaasuufi
utubuu keessatti artistoonni Oromoo hedduun gumaata olaanaa taasisaniiru. Akkuma qabsaa'ota
kaanii hidhamuu, reebamuu, biyyarraa ari'amuu, eessa buuteen isaanii dhabamuudhaa hanga
57

lubbuu isaanitiin wareegamuutti yakki suukkanneessaan hangana hin jedhamne isaan irra gahee
jira.

Seenaa qabsoo Oromoo keessatti barri 1950 ta as yeroo qabsoon Oromoo qindoomina roga
hawaasaa garaagaraatin gaggeeffamuu eegale. Qabsoo oromootu yeroo kana jalqabe miti;
Oromootu akka qotee bulaafi horsiisee bulaa qofatti osoo hintaane gama hidhannoo, aartiifi
barnootaan xurree qabsoo cirachuutti seene. Sirbi yookiin weedduun silayyuu waan hawaasa
keessa jiruudha; weellistoonni Oromoo garuu warra xiiqiin ititee diddaa jiidha qabsoon biqile
ta‟anii dhalatan. Kanaaf jalqabbiin weellistoota Oromoo sirboota akka gaachanaatti Oromummaa
ittiin tiksaniifi sirna cunqursaa ittiin balaaleffatan ture.

Kunimmoo hanguma Oromummaan mataa olqabataa deemuun, dhiibbaan gama mootota


biyyattii bulchaniitin jirus akka dabalaa deemu taasise. Ta‟us, weellistoota Oromoos daran
hammeessuufi hojii sirna isaanii balaaleffatu hojjachuutti cimsuun ala of duuba kan deebise miti.
Har'as wanti walaloo sirboota Keekiyyaa kana keessatti arginu dhiibbaa Oromoofi
Oromummaarra gahaa dhufe ifatti ibsuun akka furmaata ta'uu danda'us eeruudha. Kunimmoo
sirboonni Oromummaa tiksuu keessatti gahee hangam akka qaban ragaa baha. Mee bo'oowwan
walaloo sirboota kanaa kan waa'ee weellistootaa kaasan kanneen haa fudhannu.

Mul'is Gadaa, Musxafaa Harawwee


Qabsoo sirbaafi dhukaasa qawwee (KB-Q6b- 2020 toora 23-24)

Akkuma walaloo kanarraa hubatnu qabsoon Oromoo roga tokko qofaan adeemsifamaa kan
tureefi jiru miti. Qabsaa‟onniifi goototni hedduun roorroo hambisun garbummaa saba isaanirraa
fonqolchuuf qawwee isaanii kaafatanii bosonatti seenan. Gariin immoo roorroo sabarra jiru
sirbaan alalaasanii ummataan dadammaqsan; sirna balaaleffatanii mirgaafi walqixxummaa
waaman. Weellistoota sirba kana keessatti maqaan kaafame seenaa isaanii gabaabsee yoon kaasu
akka armaan gadii kanatti ta‟a.

Bo‟oowwan walaloo armaan olii kun Mul‟is Gadaafi Musxafaa Harawwee gootota qabsoo
Oromoo gama waraanaafi Artiin utubaa turan ta‟uu agarsiisu. Isaan lameenuu qabsaawota Baha
Oromiyaa irraa yoo ta‟an Musxafaan naannoo magaalaa Hararii araddaa Harawwee jedhamutti
bara 1951ttidhalachuu seenaan isaa ni hima. Weellisaan kun toora bara 1977tti Hawwisoo
Misiraaq jedhamtutti mindeeffamuun hojjachaa kan ture, qabsaa‟ota yerosii waliin sosso‟uun
58

lafa akka Gobeellee, Gaara Mul‟ataafi Bisidiimoo keessatti hamilee waraanaa jajjabeessuufi
onnachiisurratti nama qooda olaanaa taphateedha jedhama. Achiin boodaas dhiibbaa sirnaa
miliquufi jireenya isaa fooyyessuuf gara Sumaalee Laandiitti imalee waggoota muraasa booda
gara bakka dhaloota isaatti galaa osoo jiruu karaa irratti waraana Mootummaa Dargiin to‟atamee
hidhame. Mana hidhaattis dararaan hamaan kan irra gahaa ture akka ta‟eefi yeroo muraasaan
booda namoota hedduu waliin naannoo bara 1991tti harki isaanii duubatti hidhamuuni
rashamanii boolla tokkotti akka awwaalaman seenaan ni kaasa. Namni kun sirboota bay‟ee
sirbee jira. Sirboonni isaa dhaamsaafi gorsa cimaa of keessaa qabaachuu isaanitiin ummata isaa
biratti hedduu jaalatamaa akka tures seenaan isaa ni agarsiisa.

Keekiyyaanis sirba isaa kana keessatti seenaa weellisaa jabaa kanaa sararuma lamaan gabaabsee
hangam qabsoon Oromo gama waraanaafi artiitinillee akka wal utubaa ture mul‟isee jira. Kana
keessatti gaafa seenaan Musxafaa ka‟u weellisummaa isaa qofa osoo hintaane haala dararriifi
du‟aatii isaa kan Oromoota dhibbaatamaa biroollee keessatti arganna. Haala ittiin Keekiyyaan
sirboota isaa keessatti seenaa weellistoota Oromoo, gahee isaan qabsoo Oromoo utubuu keessatti
qaban ibse caalatti hubachuuf mee bo‟oowwan armaan gadiis haa ilaallu.

Eebbisaafi Usmaayyoo irmiin bahamee


Baqqalaafi Jireenyaa iyyaan dhabame (KB-Q6b- 2020 toora 25-26)

Bo‟oowwan walaloo sirbaa kanneen keessatti kanneen maqaan kaafame Baqqalaadhan alatti
sadeen isaanituu weellistoota. Eebbisaan kan dhalate bara 1962 lixa Oromiyaa magaalaa Dambi
Doolloo keessatti. Weellisaan kun ijoollummaarraa nama jabaa cunqursaaf tole hinjenne akka
tureefi seensa barnoota isaa sadarkaa Olaanaa irratti haalli siyaasa yerosii dirqamsiisee gara
qabsoo hidhannootti akka galche seenaan isaa ni hima. Kunis naannoo bara 1991, buufata
waraana guddaa Adda Bilisummaa Oromoo kan achuma Dambidoollootti dhaabbateetti ture.
Waraana keessattillee dandeettii sirbaafi tapha meeshaalee muuziqaanis cimina addaa
agarsiisuun hawwisoo Adda Bilisummaa Oromootti makamee hamilee qabsaawotaa
jajjabeessuufi ummata dadammaqsaa turuun baay‟ee jajama.

Bara 1991 fi 1992 guutummaa isaa Eebbisaan Oromiyaa keessa naanna‟uun dargaggoota
kumaatama gara dirree qabsootti hiriirsuu keessatti gahee olaanaa taphateeras jedhama. sirboonni
isaa kan aadaa yoo ta‟an, ergaansaanii garuu kan warraaqsaa (revolution) turani. Sirboota
59

isaatinis, hacuuccaa ummata Oromoorra ga‟u ifatti baasee mormuun sabni Oromoo tokkummaan
ka‟ee mirga namummaafi, abbaa biyyummaa akka falmatus jabeessee alalaasaa ture. Akka nama
dhuunfaatti, Eebbisaan nama gara laafessa, saba isaa garaa guutudhaan jaalatu, namoota
gargaaruuuf duubatti nama hin jenne ture. Kanaaf, jaallan qabsoos ta‟ee ummata biratti, baayyee
jaalatamaafi dinqisiifatamaa gootummaa guddaan beekkamuudha.

Usmaayyoo Muusaa immoo Baha Oromiyaa handaara magaalaa Haramayaatti bara 1967 dhalate.
Innis akkuma Eebbisaa nama jabaafi xiiqataa ijoollummaarraa fedhii aartii qabu waan tureef
umrii dargaggummaa isaatti maatii isaatiin gargar bahee magaalaa Dirre Dhawaatti galuun
daandii artii irra bu‟e jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaattis artistoota buleeyyii kanneen akka
Abdii Qophee, Kadiir Sa‟id, Aadam Haruuniifi Haloo Daawwee waliin walbaruun hojii
muuziqaatti cichuun sirboota siyaasaa qabsoo Oromoo keessatti qooda olaanaa taphataa turaniifi
jiran hedduu sirbuu isaa seenaan ragaa baha.

Egaa weellistoonni lameen kun seenaa qabsoo Oromoo keessatti maqaa, qoodaafi seenaa guddaa
kan qaban akka ta‟e hojiin isaanii dhaloota ammaatinillee jaalatamummaa olaanaa qabaachurraa
ni beekama. Yeroon isaanii sun kan cehumsaafi hamaa waan tureef, hoggantoonnifi miseensonni
dhaabbilee siyaasaa hedduun biyya gadhiisanii bahaa turanillee isaan biyya isaaniif wareegamuu
murteeffatanii cichoominaan barbadaa qabsoo akka bobeessaa turantu beekama. Boodarra
Eebbisaan Hagayya 1996 waraana mootummaan Finfinnee Muujjaatti mana jireenyasaatii
baafamee yoo ajjeefamu, Usmaayyoonis waggaa saddeetiif mna hidhaatti dararaa hamaa irra
gahe damdamahuu dadhabee hidhaa bahee osoo hinturin sadaasa 2006 addunyaa kanarraa
boqachuun isaa waan hedduu garaa nama nyaatuudha. Keekiyyaanis Weellistoonni kunniin
laphee ummata Oromoo keessatti jaalatamaafi yaadatamaa kan jiraatan ta‟us, Oromoon hirmii
baafatee taa‟uu sirba isaatiin mul‟iseera. Kana jechuun,sabni kun gumaafi dhugaa isaanii qaama
lubbuu weellistoota kanneenii galaafaterraallee osoo hin argatin boo‟ee hirmii baafatee
taa‟eedha. Kana dhiisuun sabaa immoo sirni sirni akkasii ammallee hojiidhum kaleesstti akka
jiraatu karaa saaqe akka jechuuti.

Egaa weellistoonni olitti tuqaman lubbuun isaanii darbee hanga ta‟e maatii fi jaalattoonni isaanii
gadda ofii ibsatanii gaggeessaniiru. Weellistoonni biroon akka Jireenyaa Ayyaanaa garuu eessa
buuteen isaanii dhabamee hanga har‟aatti ijji maatiifi firoota isaanii ala eegaa hafuus sirbi kun ni
ibsa. Jireenyaan, Wallaggaa Bahaa, Giddaa Ayyaanaa ganda Gabaa Jimaataatti dhalatee kan
60

guddateefi ijoollummaa irraa eenyummaasaa hedduu jaalatu akka ture seenaan isaa ni mul‟isa.
Namoota jajjaboofi manguddota waliin ooluun seenaafi sirboota aadaa kan isa barsiise
weellisaan kun, hammina jiruu maatii mudateen gara magaalaa Gimbii achiis Fininneetti
godaanuu mudateen gara hawwisoofi qabsoo dhufuu danda‟e.

Haaluma kanaan, sirboota aadaa, seenaa, qabsoo, gootummaafi sirboota cidhaa Albeema lama
hojjechuun gurra uummataan ga‟ee ture. Adda Bilisummaa Oromoo keessattillee miseensa
ta‟uun tajaajilaa turus bara 1996 humna tikaa mootummaa yerosiitiin ukkaamfamee achi buuteen
isaa dhabame. Erga gaafa sanaatii du‟eef jiraan isaa utuu hin beekamiin waggaan meeqa
darbeera. Osoo harka diinaa hin bu‟in weellistuu Zeenuu Mokonnin(Mezuulee) bakki dhaloota
ishee Jireenyaa waliin bakka tokko ta‟eefi Maaramee Harqaa kaasaa, barreessituu kitaaba
“Gundoo Booree” waliin akka weellisaa turan dubbatama. Boodarra garuu Zeenuun rasaasa
diinaatiin kan wareegamteefi Maarameenis dararaa hamaa mana hidhaatti irra gaheen achii
baatee osoo hin turin lubbuun ishee akka darbe seenaan gola qabsaawota Oromootti kuufame ni
dubbata.

Bo‟oowwan walaloo sirbaa armaan olii keessatti Baqqalaafi Jireenyaa iyyaan dhabamee jechuun
keekiyyaan seenaan isaanii onnee sabaa keessaa dagatamuu akka hinqabne dhaamee jira. Kana
jechuun Jireenyaa qofa osoo hin taane weellistootaas ta‟ee hayyoonniifi gootonni Oromoo
kumaatam taatee akkanaa keessummeessaa kan turaniifi jiran waan ta‟eef dhaloonni ammaa
taa‟ee seenaa jara kanaa himuu qofa osoo hintaane sirna kanatti xumura taasisuu
qabaadha.Weellistoota biroo sirboota Keekiyyaa keessatti tuqaman mee bo‟oowwan armaan
gadiirraa haa ilaallu.

Biddeen lafee Daadhii baaburatti daaksifame


Ittoo foon Hacaaluu Hundeessaatiin godhame
Hin nyaatnu jiraan du’aan hoodee
Jiraannu in baafanna gumaa koodee (KB-Q6b- 2020 toora 27-30)

Bo‟oowwan armaan olii keessatti immoo kanneen maqaa dhahaman weellistoota dargaggeeyyii
Daadhii Galaaniifi Hacaaluu Hundeessaati. Daadhii Galaan bara 1976 godina Shawaa Bahaa
aanaa Liiban Cuqqaalaa ganda Jaarraa Goorootti dhalatee guddate. Yeruma ijoollummaafi
barataa turetti, nama fedhii artii qabu waan tureef, achumarraa eegalee hojii sirbaa eegale.
61

Daadhiin weellisuu qofa osoo hintaane kitaabilee seenaa: Aangoo sanyin dhaalan, Boolla Nugusa
nyaateefi yaadannoo jaallanii jedhan sadii dhalootaaf gumaachee jira. Sirbootni weellisaa kanaa
caalmaan isaanii sirna cunqursaa saba isaarra gahaa tureefi jiru balaaleffachuurratti kan
fuulleffatan yoo ta‟an sabboonummaafi jabina isaatiin waggoota hedduu irra deddeebiin mana
hidhaatti dararamaa akka ture seenaa jireenya isaa keessatti mul‟ata.

Haacaaluu Hundeessaa bara 1985 magaalaa Ambootti kan dhalateefi yeruma ijoollummaa tika
loonii biratti fedhedhiin sirbaa akka keessatti dagaagaa dhufe yeroo lunbbuun jirutti himee ture.
Seenaafi gootummaallee akaakayyuu isaarraa kan dhaale weellisaan miira xiiqiifi
sabboonummaan guddate kun yeroo barataa turettuu nama umrii isaatii olitti dhimmi saba isaa
quuquufi qabsoo barattootaa keessatti adda durummaan hirmaatudha. Seenaa guddummaa
Oromoofi gahee sabichi biyya kana asiin gahuu keessatti qabu kan habashootaan hatame seenaa
Adawaa deebisiisuu keessatti nama adda durummaan hojjateedha.

Kanarraa ka‟uun warri Oromummaafi Oromoo lafa kanarratti jibbaniifi aangoo of harkaa qaban
akkuma sabboontota Oromoo birootti adamoo isaanii Hacaaluurratti bara 2004 qabanii mana
hidhaatti isa darbatan. Waggaa shaniif mana hidhaa Ambootti hidhamee dararamaa yeroo ture
kanattis waahillan wajjin achi keessa turan seenaa barsiisuufi hamilee gootummaan xiiqessuun,
nama yaadannoo guddaa qabuudha. Haacaaluun sirboota albeemasadii hojjatee kan qabu yoo
ta‟u, sirbootasaa keessaa sirba qeenxee “Koo Galaanee kiyyaa” jechuun waa‟ee Finfinneerraa
dhiibamuu Oromootaa sirberratti uwwisaafi beekamtii olaanaa nama argateedha. Weellisaafi
qabsaawaan kun namoota biroo caalaa kutannoofi gootummaa dhugaa kan qabu, yeroo mara
dhimmi sabummaas ta‟ee namummaa kan quuqu, dhiira waan jedherraa hindeebineedha

Egaa weellistoota seenaan wareegama isaanii walfakkaatuu kanaa Keekiyyaan sirboota isaa
keessattixiiqii guddaan ibsee jira. Kunis erga bu‟aan qabsoo lubbuu kumaatama aarsaa godhatee
jijjiiramni dhufe jedhamee erga abdatamee shirri lubbuu weellistoota qacalee kanneen nyaate
kanneen hafaniifis akka hin hille akeeka. Daadhii Galaan Gurraandhala 12 bara 2020‟tti Liiban
Cuqqaalaa bakka Ashuffee jedhamutti sagantaa eebba hoteelaa irratti rasaasa dhukaafameen
rukutamee umuriisaa waggaa 43tti yoo wareegamu Hacaaluun immoo Waxabajjii 30,2020
Finfinnee iddoo manneen waliinii Galaanitti konkolaataa isaa keessatti rasaasa diinaan
wareegame.
62

Weellistoonni kunniin shira xaxameefi qophii dursee taasifameen lubbuun isaanii qaaliin
darbeera. Ta‟us, irra dibaafi rincicaan dhugaafi dhiigni isaanii osoo hin bahin akka hafe maatiis
ta‟ee sabni bal‟aan ni komatu. Egaa isaan du‟a heera uumaan dhaloota biraa dhabamus hojiin
isaa garuu dhalootaaf fakkeenya guddaa ta‟uufi xiiqiin gumaa isaanii onnee ummataarratti
maxxanee jiraachuu sirboota Keekiyyaa kanarraa haalaan hubatama. Keekiyyaan hin nyaatnu
jiraan du‟aan hoodee jiraannu inima baafanna gumaa koodee jechuun sirni kunakka ittoofi
biddenatti dhiigafi foon Oromoo nyaachaafi nyaachisaa jiraachuu ibsuun dammaqiinsiifi diddaan
akka barbaachisu akeeka.

Walumaa galatti seenaan weellistoota Oromoo sirboota Keekiyyaa keessatti kaafamanii baay‟ee
walfakkataafi gidiraa sabni Oromoo keessa tureefi jiru kan agarsiisuudha. Weellistoonni as
keessatti ka‟an hundi sirna moototaan adamsamaa, hidhamaafi dararamaa kan turaniidha. Kan
achi buuteen dhabameefi lubbuun isaanii wareegamellee sirnootumaafi qaamota mootummaatiin
ta‟uun seenaa jaallan kanaa tokko taasisa. Isaan hunduma yoo fudhanne harki isaanii badii biraa
raawwatee cubbuufi daba qaama biraarratti hojjatanii kan adabamaniin osoo hintaane sirboota
yakkaafi gidiraa sabaa balaaleffatan sirbuun ummataan jaalatamuutu yakka ta‟e.

Eenyummaa ofii jaalachuun, saba ofiif sagalee ta‟uun, guddina afaan, aadaa, ogumaafi seenaa
saba ofiitiif dhaabbachuun lubbuu isaanii galaafate. Kan ajjeefamanirratti immoo dhugaafi
gumaan isaaniillee osoo hinbahin hafuunimmoo waan daran nama madeessaati. Haalaafi taatee
sirnoonni moototaa weellistoota, hayyootaafi gootota Oromoorratti raawwachuun qabsoo
Oromoo doomsuuf tattaafatan roga hundarraa fakkeenya fudhachuun sirba isaa keessatti
Keekiyyaan seenessee jira.Kunimmoo hiddi gabrummaa hammam akka Oromoo keessa gadi
fagaateefi mirgi namummaa saba kanaa hangam akka sarbame mul‟isa.

Seenaan kun seenaa weellistoota muraasa kanaa qofa osoo hintaane seenaa Oromoon keessattuu,
hayyoonni, gootonnii, hubatoofi dammaqoon akka waleetti qabaniidha. Habashoonniifi sirnootni
isaanii Oromoofi Oromummaa balleessuuf seenaawwan fokkisoo dhagahuufillee hin malle
raawwataniiru. Kaleessas, har‟as Oromoota jumlaan fixuufi Oromummaafi waan Oromoo
hadheeffatanii balaaleffachuutti cichoodha. Egaa akkuma sirboota Keekiyyaa keessatti seenaan
isaanii katabame kana, maqaafi hojiin isaanii boollaa olitti bara baraan laphee dhalootaa keessatti
kurfaa‟ee jiraatee as gaheera. Seenaan immoo galmee lubbuu qabu waan ta‟eef fuulduattis
63

darbee jiraata. Ibiddi qabsoo kaleessa isaaniin sutame har‟atti barbadaa horatee man‟ee diinota
Oromoofi Oromummaa irraa laboobaa kan jiruudha.

4.3. Sirna Bulchiinsa Biyyattiifi Oromummaa


Akkuma kutaawwan darban keessatti kaafamaa ture sirnoonni bulchiinsaa biyya kanaa seenaa,
eenyummaafi aadaa saba tokkoo qofa guddisuu irratti kan xiyyeeffataniidha. Sabni Oromoo saba
guddaa gaafa Afrikaa ta‟ee osoo jiru hanga har‟aatti adda habashootaa jalatti kufee sirna, aadaafi
seenaa ofii saamamee simboo habashummaa uffatee jiraachaa as gahe. Sirnoonni mootota
Habashaa kan hanga har‟aatti dhufaa darbaa as gahan Oromoos ta‟ee saboota cunqurfamoon
biyyattii akka eenyummaa isaaniin mul‟atan kan barbaadan miti. Ta‟us sabni kun dhiibbaa sirna
mootota habashaa kana fedhiifi jaalalaan simatee kan buleen osoo hintaane falmaa hadhaawaa
taasisuun hanga danda‟ameefitti eenyummaa Oromummaa isaa jiraachisuufi ittiin mul‟achuuf
aarsaa hedduu baasera. Haaluma kanaan hayyoonni Oromoo roga garaagaraa jiran sadarkaa
dhuunfaattis ta‟ee gareen saba kana cunqursaa mootota habashaa jalaa baasuuf waan hedduu
hojjatanii, karaa hedduus qabsoo taasisaniira.

Gama artiin yoo ilaalle, artistoonni Oromoo hedduun artiidhaan, sirna cunqursaa balaaleffachuu,
dhiibbaafi dhibdee saba isaanii himuu, dadammaqsuufi tokkoomsuurratti hojii guddaa
hojjataniira. Egaa weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaas jijjiiramoota jireenyaafi siyaasa biyyattii
keessatti mul‟atan waliin walsimsiisuun sirboota ergaa guddaa qaban sirbee jira. Kanaaf sirboota
kanneen keessatti dhiibbaa sirnoonni darbanis ta‟ee kan amma keessa jirru Oromoofi
Oromummaa irratti fidan xiinxaluuf waa‟ee taatewwan yeroo sirboota kanneenii muraasa
ilaaluun dirqama ta‟a.

Akkuma kitaabileen seenaa Oromoo isaan dhugaa irratti hundaa‟anii barreeffaman ibsanitti
qabsoo Oromoo kanaan duraa keessatti aarsaa guddaan kanfalamaafi hammeenyi hedduun qaama
aangoo harkaa qabuun ilmaan Oromoorra gaheera. Sirboonni keekiyyaas seenaadhuma kana
kaasu. Qabsoon Oromoos boqonnaa haaraa irra gahuun mootummaa Rippaablikaa Federaalawaa
Dimokiraatawaa Uummatoota Itiyoophiyaa jedhamuun waamamu kuffisuun isaa seenaa yeroo
dhihooti. Kufaatiin mootummaa kanaa bu‟aa qabsoo qeerroof qarree Oromoo kanneen lubbuu
kumaatamni itti dhabameefi tokkummaa saba Oromoo akka ta‟e sirboonni keekiyyaa haalaan
kaasu. Bu‟aa tokkummaafi qabsoo ummata Oromoo kanaan kufaatii mootummichaa hordofee
64

akkuma kabajni Oromoo dabalaa deeme ilaalchiifi hiikni Oromummaa irratti sirniifi
sablammoonni biyyattii qabaniyyuu qajeelaa deemee ture.

Oromummaan yeroo bulchiinsa mootota fedhiifi aangoo saba tokkoo qofa giddugaleeffatan
kanaatti akka hammeenyummaafi yakkaatti ilaalamuun jireenyi ummata Oromoo cunqursaa
jabaa keessa turuun beekamaadha, Ta‟us, baroota gara dhumaa yookiin naannoo kufaatii
mootummaa Rippaablikaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Uummatoota Itiyoophiyaatti qaamota
mootummaa muraasa fuula isaanii gara ummataatti deebifataniin deeggaramuufi hiika sirrii
argachuu eegalee ture. Inni dura hayyoota habashaafi deeggartoota isaanii akkasumas, sirna
mootummaa biyya bulchuutiin balfame saboota baay‟ee biratti qixa sirriin hubatamuufi qoodni
Oromoon biyyattii ijaaruu keessatti qabus haalaan beekamaa deemuu eegale. Kanumaan
Waggoota lamman jechuunis 2018-2020 jiran yeroo muummeen ministeeraa biyyattii Dr.
Abiyyii Ahmad ta‟etti uummatni biyyattii miira gammachuufi abdiin guutametti Oromummaanis
keessaa hanga alaatti olka‟ee calaqqisaa ture.

Yeroon kun kan Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay aangoo irraa itti ari‟ameedha malee kan
sirni mootummaa guutummaan itti jijjiirame miti. Qaamonni Sirna bulchiinsa duraa waliin
ijaaranii waliin hojjachaa turan fuula isaanii gara ummataatti deebifachuun bifa haaromsaan
maqaa dhaaba isaanii jijjiiruun aangoo garuu akkuma dhaalmaa abbaafi ilmaatti of harkatti
hambifatan. Egaa yeroo muraasaan booda sirnichis qaamota qabsoo ummataa hogganaa turan
keessaa hedduu gara ofiitti fudhachuun miseensa godhatee hundee jabeeffachuun fuula isaas
ummatarraa jijjiirrachuu eegale. Caasaan yeroo raafamaafi kufaatii diigame bifa haaraan yeroo
itti deebi‟ee suphame, amaloonni irrummaafi yakkaas adeemsuma keessa iddoo isaanii qabachaa
dhufanii gareen falaasama dhaaba haaromee kan „Ida‟amuu” jedhurratti diddaa qabu
miseensummaa keessaa haqame. Taateen kun akkuma dhaaba isaanirraa qaama muraasa fottoqse
tokkummaa ummata Oromoos ta‟ee maqaa gamtaa qabsoo qeerroo facaasuun Oromoo burjaajii
hamaa keessa galche.

Sirni maqaa dhaaba ofii haaromse Oromoon bakka bu‟a Oromoofin hojjadha ofiin jedhus, yeroo
kamuu caalaa bakakkaan siyaasaa hamaan Oromoorratti bu‟uun Oromoo bira darbee biyyattii
guututti miirri gaaga‟ama hamaan mul‟achuu eegale. Akka dhaabbilee siyaasaafi kutaa hawaasaa
Oromoo harka caaluutti, umriin miiraa fi abdii sun gabaabbatee waadaan mootummaan galames
hedduun abjuu ta‟ee, hiikaafi iddoon Oromummaafi Oromootafis kennamu daandiidhuma
65

sirnoota darbaniitti deebi‟e. Egaa artistoonni, hidhattoonniifi sabboontonni Oromoo hedduunis


sochii qabsoo roga adda addaa kan irtti jalqaban haalli hin eegamin mudachuun kanarraati.
Haaluma kanaan sirboota taatee kana ummatatti ibsuun warraaqsuuf qilleensarra oolan keessaa
sirboonni Keekiyyaa isaan tokkoodha. Keekiyyaan akkas jechuun ce‟umsa yerosiirraa abdii
dhabuu isaa ibse.
Bu'aa qeerroof qarree
Ce’umsaan walgarree
Faffacaatii ammaa
Waa hinjettuuree Lammaa (KB-Q6b- 2020 toora 33-36)

Lammaa Magarsaa yeroo qabsoon Oromoo fiixee finiinaa irra gahutti nama Pirezidaantii
Mootummaa Naannooo Oromiyaa ta‟uun mootummaa Rippaabilikii Federaalawaa
Dimokiraatawaa Uummatoota Itiyophiyaa jalatti nama aangoo argateedha. Pirezidaantiin kun
dhiibbaa sirni isaanii ummata Oromoo irratti geessisaa jiru haalaan hubachuun sirna kana keessa
taa‟ee gama ummataa goruun qabsoo ummataa tumse. Keessattuu ibidda qabsoo Oromoo
dhaamsuuf shira sirnuma biyya bulchuun xaxameen waldhabdee Oromoofi Sumaalee irratti
ijjannoo jabaa mul‟isuun nama jaalala ummataa horatee ture. Kana malees wal morkii garee
aangoorra jiruu injifachuuf dhaaba keessatti iddoo isaaf male dabarsee Dr. Abiyyiif kennuun
haala yerosii jijjiiruu keessatti qooda guddaa nama taphateedha. Kanarraa ka‟uun qabsoon
ummata Oromoo waadaanis ta‟ee abdiin harka nama kanaatti gatame jedhamuun dubbata.
Kanaafuu sirboonni kunis faffacaatiifi burjaajii yerichatti Oromoo mudate irratti yaada yookiin
murtee nama kanaa kan gaafataniidha.

Yeroon kun kan duraa caala dhiibbaan Oromoofi Oromummaarratti kan aggaamame ta‟uu nu
hubachiisu. Inumayyuu sirna kana keessatti dararamuufi moggeffamuun haalaan itti ulfaachuun
hayyootniifi sabboontonni quuqama saba isaanii qaban gariin ajjeeffamanii, gariin mana
hidhaatti guuramanii, kan biyyaa ba'aniifi achi buuteen isaanii dhabames lakkoofsa hinqaban.
Kaleessa weellistoonni akka artisti Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Yooseef
Gammachuu, Maaramee Harqaafi kanneen biroonis yeroo mara cunqurfamuu saba kanaa
falmaniifi sagalee ta‟anii rakkoo sabichaa sirbaan addunyaa dhageessisaniidhaf lubbuu isaanii
dhaban. Sirna ammaa keessattis artistoonni akka Hacaaluu Hundeessaafi Daadhii Galaanii
lubbuun isaanii haala hamaan kan darbe erguma cehumsi jedhamu dhufee as yeroo dhihootti
66

ture. Kana jechuun ajjeechaas ta‟ee gidiraan Ooromummaadhaaf qofa Oromoorratti


raawwatamu kan duraa caalaa ifatti raawwatamuun jabaatee itti fufe.

Egaa yeroo kana keessatti sabboontonni dhibbaatam gariin karaarratti, gariin mana hidhaa
keessaa baafamanii ajjeefamanii daggalaafi bishaan keessatti gatamuun waan baratamaa
dhufeedha. Kanarraa ka‟uun Keekiyyaan hammeenyummaa sirnichaafi xiiqii keessa isaa yookiin
diddaa shira sirna hayyoota Oromoo lafarraa duguuguu akkasiin ibsa.

Biddeen lafee Daadhii baaburatti daaksifame


Ittoo foon Hacaaluu Hundeessaatiin godhame
Hin nyaannu jiraan du’aan hoodee
Jiraannu in baafanna gumaa koodee (KB-Q6b- 2020 toora 27-30)

Bo‟oowwan walalaloo sirbaa kunniin weellistoota Oromoo gurguddoo sirna bulchiinsa yerichaan
wareegaman kaasu. Akkuma olitti seenaa isaanii keessatti ibsame weellistoonni kunniin kanneen
hojii isaanitiin onnee ummataa keessatti iddoo guddaa qaban, falmitoota mirga Oromooti. Yakki
isaan sabas ta‟ee sirna kamirrattuu raawwatan tokkolleen hinjiru. Adda durummaan dhugaafi
mirga Oromoof dubbatanii, dhiibbaa sirna bulchiinsaa qeeqaniif shirri xaxamee lubbuun isaanii
wareegame. Kana malees dhugaan dhiiga isaanii sirnuma isaan nyaateen gara balleeffamee
gumaan isaaniillee hin bahin hafe. Kanaaf walaloo kana keessatti bo‟oowwan sadaffaafi
arfaffaan gumaan gootota kanneenii dhodhoksaafi callisaan kan irra darbamu osoo hintaane
dhalootaan bahuu akka qabu dhaama. Dhaloota hamileessee xiiqii keessatti ijaara. Shirri kun kan
agarsiisu hayyootaafi qabsaawota qaroo sabaa ta‟anii seenaa barsiisan, tokkummaan sabaa
ijaaraniifi dadammaqsanii eenyummaa ofii barsiisan ajjeesuun tarsiimoo Oromummaa balleessuu
akka ta‟eedha. Adeemsi kunimmoo har‟a haaraa kan dhalate osoo hintaane kaayyoodhumaafi
gochaa sirnoota kaleessaa kan tureedha.

Gama biraatiin sirni Oromummaa balfu Oromoo akka waardiyyaatti kaawwatee kan as gaheefi
jiraate ta‟uu sirboota kanneen keessatti tuqameera. Seenaa lola Xaaliyaanii keessattis ta‟ee
kanneen biroo qaamota keessaafi alaatii biyya kanarratti aggaamamanii keessatti Oromoon gahee
leencaa taphataa ture. Haa ta‟u malee qoodni isaa kun seenaa keessatti hinkaa‟amuuf. Oromoo
akka gahee homaatuu hinqabneefi Oromummaas akka yakkaatti ilaalaa garuu yeroo rakkataniifi
67

irraa fayyadamuu barbaadan qofa waammaachuu gaggeessitoota sirna mootota biyyattiis


sirbootni kunniin akkasiin ibsu.

Gaafa guulaa nu guulchisa


Gaafa duulaa nu duulchisa
Waan galgala abbaa eeggatu
Yoo beekkatan guyyaan beekkatu (KB-Q6b- 2020 toora 11-14)

Waan ittiin Oromoo jibbanii yookiin waan ittiin barbaadaniifis hubatanii ilaaluun waan boodarra
nama eeggatu baruun akka barbaachisu sirbi kun ni dhaama. Kanaaf Oromoon hanga booda
gaabburra tooftaa sirna moototaa kan kaleessarraa baree kan ammaarratti dammaquu qaba kan
jedhu ergaa bo‟oowwan walaloo sirbaa kanneenii ta‟uu ni hubanna. Kunimmoo kan nutti
agarsiisu sirnootni kaleessaas ta‟ee har‟aa simboodhumaafi miira habashummaa qofaan
xaxamanii biyyattiis kanuma uwwisanii jiraachuuf karoora qabaachuudha. Oromoo saba
guddaafi bal‟aa biyyattii dabalatee sabaafi sablammoonni biyyattiis eenyummaa isaanitti akka
qaana‟aniifi gad jedhanii akka jiraatan har‟allee sirna bulchiinsaan dhiibamaa jiru jechuudha.
Oromummaas ta‟ee oolmaan Oromoon ijaarsa biyya kanaa keessatti qabu olaantummaa fedhii
habashootaan awwaalamuu akka hinqabneefi kunimmoo warraaqsa saba guddaa kanaatiin akka
fashalaa‟uu qabu sirbi kun ni akeeka. Dabalataan haala sabni kun yeroo sirboonni kunniin itti
sirbaman kanatti Oromoon keessa ture bo‟oowwan armaan gadii kana keessaa hubachuun nama
hinrakkisu.

Dinagdeen nu cabsuuf
Soodaree irraan marsuu
Hayyuu keenyee hidhaa
Hin barbaadnu cidha (KB-Q6b- 2020 toora 55-58)

Soodareen iddoo bashannanaa Abbaa Duulaafi Abbaa qabeenyaa beekamaa saba Oromoo kan
Obbo Dinquu Dayyaasaa ture. Namni kun arjaa rakkoon Oromoo kamuu isa quuqu, kan yeroo
kamittuu Oromoo gargaaruun jaalala guddaa horate kan sabni akka gaachanaatti ilaalu keessaa
tokkoodha. Akka sirboota kanaattis ta‟ee ragaalee seenaa garaa garaatti sirnoonni biyya kana
hogganaa turan kamuu Oroof diina guddaadha. Oromoofi wanti Oromoo marti habashootaafi
sirna olaantummaa isaaniif dhaabbatu biratti waan jibbamuuf gama kamiinuu Oromoon akka
oljedhee mul‟atu hinbarbaadan. Haaluma kanaan abbootii qabeenya Oromootti sababoota garaa
68

garaa funaanuun kuffisuufi balleessuuf wanti isaan hin raawwatin hinjiru. Soodarees yeroo
hedduu irra deddeebiin cufsiisuu, abbaa qabeenyichaa biyyarraa ari‟uuniifi tooftaalee biroon of
harka galfachuuf yaalii hedduu gochaa turan. Keeyyatni walaloo sirbaa kan armaan oliis
haaluma kana ifatti kan baasuudha.

Tooftaan dinagdeen Oromoo cabsuu kun akkuma sirnoota darbanitti hojiirra oolaa ture sirna
kana keessattillee kan itttum fiufiinsaan hojjatamaa jiruudha. Hoggansa dinagdee sadarkaa garaa
garaa irraa Oromoo fageessuun waajjiraaleefi biiroowwan hedduutti nama ofii muuduun caasaa
hannaa hundeen gadi fagaate ijaarrataniiru. Caasaan lafaafi qabeenya ummata Oromoo saamaa
ture harki caalaan yeroo cehumsaa jedhanitti diigamullee yakka hojjateef kan itti adabameefi
gatiin yakkaa kanfalame tokkollee hinturre. Waggaa tokkoon booda garuu caasaan hannaa kun
akkumaafi bakkuma isaa duriitti deebi‟uun kan durii caalaa saamicha itti fufe. Oromoo maqaa
investimentii jedhuun lafarraa buqqisuun saamuun, ijoollee Oromoos maqaa shororkeessummaa
itti moggaasuun hojiin ala taasisuun hojii ijoo caasaalee sirnoota mootummaa kan hanga har‟aatti
jiraniiti. Durii kaasee hanga har‟aatti hayyoonni hedduun aarsaa guddaa baasuus sirbi Keekiyyaa
akkasiin ibsa.
Badhoof Dawoo Soolee akeekaa
Kaffaaloon miila itti dhabuu beekaa (KB-Q6b- 2020 toora 45-46)

Walaloo kana keessatti warri maqaa dhahaman kanneen qaamaa itti hir‟ataniifi dararaan hamaan
irra gaheedha. Isaan kunniin sirba kanaan haa tuqaman malee kan akka isaanitti qaamaafi qalbii
itti dhaban kumaatamatti lakkaawamu. Egaa sirba kana keessatti wanti kaafames qabsoo saba
kanaa aarsaa guddaan kan itti kanfalamee as gahe ta‟uu hubachuun qaamni kamuu tokkummaan
gara fala waaraatti tarkaanfachuu akka qabuudha.

Namni Oromoo taatee qawwee ormaa baatte


Si gaafata seenaan yoo sabakee waraante
Musxafaa Husseen ta'i ofiin beekii
Waraana baatte ummataan eegi (KB-Q6b- 2020 toora 41-44)

Sirnoota dhufaa darbaa keessatti dargaggoonniifi hayyoonni Oromoo humnaafi beekumsaan saba
kana jijjiiruu danda‟an shororkeessitoota jedhamanii ajjeefamuu, biyyarraa ari‟atamuufi
hidhamuun waan baratameedha. Kanneen akka barbaadanitti ergachuufi ulee godhatanii
ummataan gidirsuuf dhimma itti bahanii haala mijeeffatuun. Deeggartoota isaaniifi kanneen
69

dhiiga habashaa qaban ijaaranii hojii uumuufiin qabeenya Oromiyaafi Oromoo saamsisu. Isa
kanaaf ragaan naannoon Oromiyaa hundaa olitti magaaladhaa hanga baadiyyaatti qubsuma
saboota hedduu taatee argamuudha. Dabalataanis, Oromoo magaalarraa dhiibuun, akka sochii
daldalaa gurguddaa keessatti hin hirmaanne taasisuun tooftaa Oromoo dinagdeen kuffisuuf
dhimma itti bahaa turaniifi jiraniidha. Gabaabumatti bo‟oowwan olii keessatti dhiibbaan sirnaa
kaleessaa hanga har‟aatti kanum jiru ta‟ee garuu akka waan Oromoon irraa fayyadamaa ta‟eetti
of himuun tooftaa haguugamaa waggaa dheeraaf Oromoon bitan ta‟uutu hubatama.

Dimshaashumatti yaadonni armaan olitti kaafaman kunniin yeroo cuunfaman sirnoonni


bulchiinsa biyyattii hanga har‟aatti jiran Oromummaa waliin hariiroo waldhabdeefi diinummaa
qabaachuu ibsu. Sirni Oromoo akka saba qooda guddaafi dhugaa qabuutti hirmaannaa roga
hundaa kenneef hinjiru. Sirnoonni hundumti kaabbaa habashummaa uffatanii saboota hidda
habashaa hinqabne cunqursaa turan. Aangoo isaanitti fayyadamanii Oromoofi waan Oromoo
hunda dhiibanii hirmaattummaa biyya kanaa keessaa baasurratti fuulleffatanii hojjachaa turan.
Seenaan isaa osoo hin hafin qabeenya saamuun hojii caasaa sirnoota biyyattii kaleessaa hanga
har‟aati. Gaaffii abbaa biyyummaa, afaanii fi mirgootaa sabni kun kaasu hunda hanga har‟aatti
afaan qawweetiin deebisaa as gahan. Sirna bulchiinsa Oromoo balfanii sirnaafi seera ofii
isaanitiin akka olaantummaa isaanii tiksuufitti tolfataniin Oromoon akka bulu taasisan.

Tooftaan guddaan isaan hundee gadi fageeffachuun umrii garbummaa sabicharratti


dheereffataniin immoo sabicha ofiifi waan ofii wallaalchisuudhani. Warri of dhabe waan ofiis ni
dhaba; walis ni dhaba. Of dhabuun addunyaa sammuu ofiin gaggeeffamtu keessaa bahanii kan
sammuu qaama biraan gaggeeffamtu keessa of galchuudha. Kana jechuun, gatiin akka namaatti:
ilaalcha, yaada, murteefi amantummaan waa‟ee ofiif qaban xiqqaatee ofiin of gaggeessuu caalaa
qaama biraan gaggeeffamuudha. Kun deemee akka eenyummaa ofii tuffataniifi itti qaana‟anii
sadarkaan gadi of buusan taasisa. Gaafa kanammoo waan ta‟uu qabanis, waan qabaachuu
qabanis qaama biraatu nama qajeelcha.

Egaa wanti sirnoonni darban fayyadamanii Oromoo ofiifi wal dhabsiisaniin tokko mala
xiinsammuu ajjeesuti. Isa kanaan milkaa‟anii sirna isaa dhabsiisan. Kunimmoo rogaawwan
jireenyaa mara: aadaa, amantii, siyaasa, dinagdeefi hawaasummaan akka inni kufu taasise. Isa
kana hubatee gatii eenyummaa ofii madaalawaa taasisuun kan of dhabe dammaqsuufi kan
waldhabe walitti barbaadutti fuulleffatu aangoofi qawwee fayyadamuun deebisanii kuffisuu
70

yaalu. Ta‟us hanguma addunyaan keessa jiraatan jijjiiramaa deemuun dhaloonni haaranis
jijjiiramicha waliin tarkaanfata waan ta‟eef sirnoota kanniin warra kaleessa caalaa har‟a diddaafi
mormiin mudatu harka kennisiisaa deema. Kaayyoon hojii artii namoota akka Keekiyyaatiin
kalaqamaniis kanuma milkeessuudha. Wanti sirboota isaa keessatti jechootan cuunfameefi
udumamee dhihaate dhiibbaa walcaalmaa sadarkaa jireenyaafi aangoon jireenya ummataa
keessatti dhufu waan addeessu akka ta‟es qaaccessi ragaalee qorannoo kanaa bal‟inaan ibsa.
71

5. CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO


Kutaan kun kutaa yaadni waliigalaa qorannoo kanaa gabaabinaan itti cuunfamee kaa‟ameedha.
Dabalataanis, ka‟umsi qorannichaa, kaayyoo fi gaaffileen bu‟uura qorannichaa wal unatanii irra
geettiin tokko uumamee iddoo itti dhiyaatuudha. Kunis, hojii qorannoo kana keessatti qorataan
qaaccessa ragaalee taasiseen booda argannoo irra dhaqqabeefi yaada furmaataa ta‟uu kan
danda‟u qaamolee murteessoof gahee kan keessatti kenneedha. Haaluma kanaan, boqonnaa kana
jalatti cuunfaa, argannoofi yaboon wal duraa duubaan dhihaataniiru

5.1. Cuunfaa
Qorannoo kanaan sirboota Keekiyyaa Badhaadhaa keessaa kanneen mata durichaan walqabatan
sadiitu qaacceffame. Qaaccessi kunis kaayyoofi gaaffilee bu‟uura qorannoo giddugaleeffachuun
ragaalee seenaa adda addaan walsimsiisuun kan raawwatameedha. Haaluma kanaan sirboota
Keekiyyaa keessatti Oromummaan haala kamiin ibsame jechuun hubannoo garaagaraa namoonni
qaban waliin walitti fiduufi hiika isaa qajeelchuuf ibsi bal‟aan irratti kennamee jira. Gama
biraatiin akki Oromoon dur tureefi jireenyi isaa har‟aa kaleessaa safuun, duudhaafi sirni isaa
Oromummaa hiikuuf hangamiifi akkamitti akka barbaachisan sirbootuma kanneen keessaa
qaaccessuun yaalameera.

Dabalataan Seenaan weellistoota Oromoo sirboota kanneen keessatti dhihaatanii hojii qorannoo
kana keessatti hammatameera. Dhiheessa seenaa kanarraas sirnoota darbaniifi kan ammaa
keessattis aarsaan weellistoonni Oromoo Oromummaa tiksuuf kanfalan xiqqaa akka hintaane
ibsameera. Kana malees, akkaataan sirboonni kunniin hariiroo Oromummaafi sirna Kaleessaa
hanga har‟aa gidduu jiru ittiin ibsame hojii kana keessatti kan hammatameedha.

Haala jiruufi jireenya saba Oromoo kan kaleessaa, har'aafi boruullee jechoota muraasaan bocee
kan dhiheesse weellisichi calaqqeewwan seenaa, aadaa, amantii, hawaasummaa, siyaasaafi
kanneen biroo hedduu sirba isaa kana keessatti hammachiisee jira. Keessattuu sirna moototaatiin
dhiibbaa Oromoofi Oromummaa mudatan artiitti dhimma bahuun ergaa guddaa akka dabarse
hojii kana keessatti ibsuun yaalameera. Kanaanis artiin seenaafi dhugaa saba tokkoo qajeelchuu
akkasumas, sochiifi dammaqiinsa sabaaf akka meeshaa guddaatti kan tajaajilu ta‟uu agarsiisera.
72

5.2. Argannoo
Kaayyoolee qorannichaarratti hundaa‟uun qaaccessa ragaalee walaloo sirboota filatamanii
kanarratti gaggeefameen qorataan akka argannootti qabxiilee kanneen cuunfuun dhiheessera

 Akka sirboota kanarraa hubatamutti Oromummaan kennaa abbaan fedhe yeroofi iddoo
barbaadetti namaaf kannee namarraas fudhachuu danda‟u miti. Oromummaan ulfina
yookiin gatiifi ilaalcha qajeelaa namni dhuunfaas ta‟ee gareen Oromoo ta‟ee jiraachuufi
mul‟achuu isaaf ofiif kennuudha. Kana jechuunis wanta dhiibbaa qaama biraatiin
uumamuufi badu osoo hintaane kan keessa nafa ofiitii burqu addunyaa jireenyaa
Oromoon keessa jiru miiressuuf isa nama dirqamsiisu simboo eenyummaa Oromoo ifeefi
olka‟ee nama keessaa mul‟atuudha. Innis, dhiiga Oromoo qabaatanii maatii Oromoorraa
dhalachuufi mirga namummaa akka safuufi seera Oromoon gonfamuu qofa osoo hintaane
safuufi seera sanaan qajeelfamuufi jiraachuu kan gaafatuudha.
 Weellistoonni Oromoo yaa‟a seenaafi biqila qabsoo saba Oromooti. Seenaan harka caalaa
isaanii seenaa jireenya saba Oromoo irraa gargar hinbahu. Hojiin isaanii keessaa uwwisni
guddaan seenaafi eenyummaa barsiisuu, dhugaafi mirga sabaatiif falmuun Oromoofi
Oromummaaf waardiyyaa ta‟anii eeguudha. Akka waliigalaatti, weellistoonni Oromoo
sirna mootota habashaatiin gidirfamaa, ari‟atamaa, hidhamaa, ajjeefamaafi achi buuteen
isaanii dhabamaa as gahan. Bu‟uurri gidiraa kunimmoo yakkaafi hammeenya hojjatan
qabaatanii akka hintaane Oromummaa isaaniif quuqamaafi jaalala guddaa qabaatanii saba
Oromoo dammaqsuufi barsiisuurratti waan fuulleffataniif.
 Sirnoota mootota habashaa kaleessaa hanga har‟aatti dabaree darbaa as gahan hunda
keessatti Oromummaan akka qajeelummaatti osoo hintaane akka yakkaatti ilaalamaa ture.
Oromoon saba guddaafi bal‟aa gaafa Afrikaa ta‟ee osoo jiruu biyya ofii keessatti garuu
akka lammii lammaffaatti lakkaa‟amee gadi qabamee jiraata. Hayyoonni, gootonniifi
qareeyyiin Oromoo sirnoota dhufaa darbaa keessatti ajjeefamaa, hidhamaafi dararamaa as
gahan. Kanneen hanqinaafi yakka sirna biyya bulchuu baranii ofirraa fincilan kamuu
akka diinatti moggaafamu, hojiirraa dhorkamu, ni hidhamu yookiis ni ajjeefamu.
Kunimmoo Oromummaa isaaniin dammaqoo waan ta‟aniif saba bal‟aa kana biratti
dhageettii waan horataniif dhiibbaan isaan sirna isaanii irratti taasisan sodaatameeti.
Dimshaashumatti qaaccessa sirboota keekiyyaa irraa wanti bira gahame Oromummaafi
73

sirnoota moototaa hanga har‟aa gidduu hariiroon jiru kan diinummaa yookiin waldhabdee
akka ta‟eedha.

5.3. Yaboo
 Sirbootni kunniin simboo aartiifi calaqqee miira uummataa gaarii kan qaban, amaloota
ogumaan golgamaniifi ibsituuwwan Oromummaa hammatanii kan dhihaataniidha.
Hubannoo Oromummaa cimsuun kallattiifi galma qabsoon saba Oromoo itti
fuulleffachuu qabu agarsiisuu keesstti qooda olaanaa taphatu. Kanaafuu dhaabbileen
barnootaa waa‟ee Oguma hawaasaa yeroo barsiisaniifi qorannoowwan gaggeessaniin
sirba kanaafi kanneen biroof xiyyeeffannoo kennuun humna sirbootni warraaqsa qabsoofi
seenaa barsiisuu keessatti qaban barsiisuufi ibuutu irra jiraata. Qaamoleen biyya bulchan
sirboota qabsoo akka bishaan ibidda siyaasaa isaanii dhaamsuu qofaatti ilaalanii
weellistootarraan hubaatii gahuuf fiiguu osoo hintaane siyaasa ofii ittiin qajeelchuuf irraa
barachuullee qabu. Kunimmoo qaaccessanii ibsuufi qajeelummaan hawaasa hubachiisuu
miidiyaalee adda addaatiin milkaa‟uu danda‟a.
 Seenaan weellistoota Oromoo baay‟een waan garaa nama nyaatuudha. Qoodni isaan
Oromummaa asiin gahuu keessatti qabanguddaa ta‟ee osoo jiruu garuuifatti bahee
mul‟achuu dhiisnaan seenanumti jireenya isaanituu barreeffamee kan kuufame dilas hin
argamu. Kanaaf Waajjiraaleen Aadaafi Turizimii, Gamtaan Artistoota Oromoo
akkasumas barreessitoonniifi qorattoonni seenaafi hojii weellistootaaf xiyyeeffannoo
kennuu qabu. Bifa kitaabaan kuusaniifi qorannoon qaaccessanii dhalootaaf dabarsuufi
akka hubatamu taasisuun hoji manee ta‟uufii qaba.
 Sirbootni weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa qixa kitaaba seenaa barreeffamuu tokko
seenaa darbe nama barsiisu. Kunimmoo amaluma hojii artii gaariiti. Weellistoonni kamuu
hojii kana fakkeenya godhatanii waan hojjatan mara seenaafi jireenya hawaasa articha
hojjataniifii keessatti hojjachuutu irra jiraata. Artiin meeshaa waraanaafi sagalee warra
sagaleen isaanii gadi qabameeti. Seenaa dabaa ittiin qeeqanii, gidiraa ittiin xiiqataniinii,
dhugaa awwaalamerraa kan awwaala diiganiin artiidha. Kanaafuu artistoonni hojii isaanii
dhugaa hawaasaa jiraachisuuf oolchuu qabu. Sirnoonni akka weellistoota Oromoo daba
iccitiin sabarratti hojjatamu saaxilaniif adamsanii hayyootaafi artistoota balleessanis
gurra isaanii guddina artiif kennuu qabu. Oromoon kan qabsaa‟uuf, eenyummaa, mirgaafi
74

nagaa isaa tikfachuufidha. Sirnoonni dhufaa darbanis Oromummaa akka yakkaattiifi soda
kufaatii barcuma moototaatti laalurra qajeelummaan hiikuun barbaachisaadha. Isa kanaaf
qorattootni, ogeeyyiin aadaafi seenaa hojii hiikaafi hubannoo Oromummaa qajeelchuu
hoji manee godhachuu qabu. Weellistoonnis rakkoo qofaa osoo hintaane kallattii wahii
akeekuun burjaajee ummataa xiqqeessuutu irra jiraata.
75

WABIILEE
Abhadie, Antoine. 1880. Sur les Oromo, grande nation Africans", Annales de la Societe
Scientifique de Bruxelles,
Addunyaa Barkeessaa. 2014. Seemmoo: Bu'uura Barnoota Afaanifi Afoola Oromoo. F'ar East
Trading PLC Printing Press, Finfine Oromiyaa
Alamaayyoo Hayileefi Kanneen Biroo. 1996. A History of the Oromo to the sixteenth Century:
Finfine, Oromia Culture and Tourism Bureau
Apps Publisher. 2017. Afaan Oromoo Dictionary.
Asaffaa Jaalataa. 2007. The concept of Oromummaa and identity formation in contemporary
Oromo society. Sociology Publications and Other Works, P.10
Asafaa Tafarraa. 2004. Towards a Political Sociology of Oromo Literature: Jaarsoo Waaqoo’s
poetry
Asafaa Tafarraa. 2009. Eela: Seenaa Oguma Oromoo. Far East Trading PLC, Oromiyaa
Asafaa Tafarraa. 2015. EThnography of Resistance Poetics: Power and Authority in Salale
Oromo Folklore and Resistance Culture. PH.D Dessertation, Department of Folklore and
Ethnomusicology, Indiana University
Asafaa Tafarraa. 2018. “Ethiopianism”, the Neo-Official Nationalism and the “Oromia First”
Trend. Article
Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa .1999. Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa. Finfinnee:
Mana Maxxansa Biraaninnaa Salaam.
Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa. 2007. Sirna Gadaa: Siyaasa Oromoo Tuulamaa. Finfinnee
Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa. 2015. Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa Hanga
Jalqaba Jaarraa 20ffaa tti. Finfinnee
Bauman. 1992. Mortality: mortality and Other Life Strategies. Cambrigde
Biiroo Barnoota Oromiyaa. 2020. Gadaa: Kitaaba Barataa Kutaa 3ffaa . Finfinnee, Oromiyaa
Biiroo Barnoota Oromiyaa. 2020. Gadaa: Kitaaba Barataa Kutaa 4ffaa . Finfinnee, Oromiyaa
Chikowero Mhoze. 2015. African Music, Power and Bieng in Colonial Zimbabwe. Bloomington
and Indianapolis, Indiana University Press.346 pp
Dastaa Dassaalany. 2013. Bu’uura Qorannoo. Finfinnee
Dorson, R. 1963. Current Folklore Theories in article From Antropology. Vol.4. No.l
Elliot Oring. 1968. Folk Groups and Folklore Geners. Utah State University Press
76

Fedhasaa Taaddasaa. 2013. Subii: Bu’uuraalee Ogbarruu Oromoo. Finfinnee, Subi Printing
Press.
Finnegan R. 2012. Oral Literature in Africa: World Oral Literature Series. Open Book Publisher
CIC Ltd, United Kingdom
Finnegan R. 1970. Oral Poetry Composition Performance and Context. Cambrigde, Cambrigde
University press.
Fairclough, Norman. 1989. Language and Power. London, Longman.
Fairclough, Norman. 1995. Critical Discourse Analysis: the critical study of language. London
and New York, Longman.
Gammachuu Baqqalaa. 2003. A study of Major Themes in Some Sellected Songs of Ilfinesh
Keno. Qorannoo Digrii 2ffaa kan hin maxxanfamin.
Gammachuu Magarsaa. 1996. Oromumma: Tradition, Consciousness and Identity.In Bieng and
Becoming Oromo: Historical and Anthropological Enqiures. Edited by Paul Trevor
William Baxter, Jan Hultin and Alessandro Truilzi. Uppsala
Gazahaany Tolaa. 2020. Waa’ee Keenya. Finfinnee, Mana maxxansaa Aduu
Grew Gow. 1999. The language of culture and the culture of language: Oromo identity in
Melbourne, Australia. Doctorine Thesis, Victoria University of Technology.
Guutaa Rabbirraa. 2019. Oromoo fi Oromummaa. Finfinnee. Oromiyaa
Habtaamuu Baluudee. 2019. Xiinxala Sirboota Diddaa, Xiyyeeffannoon Fayyadama Afaanii
ffaa
Sirboota Ittiiqaa Tafarii Saaqi Saanqaafi Itti muddi Keessatti. Qorannoo digrii 2 Kan
hin maxxanfamin, Yuunivarsiitii Haramaayaa
Holiday. 2007. Writing up Qualitative Research. London Research
John F. Copper. 1984. The ANNALS of the American Acedamy of Political Social Science, v.473
Jane F. Hill. 1998. Language, Race and White Public Space. University of Harizona
Kasule Sam. 2013. Resistance and Politics Contemporary East African Theatre: Trends in
Ugandan Theatre Since 1960
Laggasaa, Asmarom. 2006. Oromo Democracy: An Indigenous African political system. Asmara,
The Red Sea Press Inc
Lynskey, Dorian (2011): 33 Revolutions Per Minute: A History of Protest Songs from Billie
Holiday to Green Day. London, Ecco (Harper Collins Publishers).
77

Mararaa Guddinaa. 2008. The Ethiopian State and the Future of Oromo: The struggle for self
rule and shared rule. Journal of Oromo Studies. V.15
Mario Coccia. 2019. Theories of revolution. Springer Nature Switzerland
Mc Groger, S.L.T. 2010. Critical Discource Analysis: Aprimer Halifax. Mount Saint Vincent
University
Mohaammad Hassan. 1994. The Oromo of Ethiopia: A history 1570-1860. New York, Cambridge
University Press
Mohaammad Hassan. 2017. The Oromo and Christian Kingdom of Ethiopia 1300 – 1700.
Woodbridge.James currey
Owen Harold. 2000. Music Theory Resource Book. Oxford and New York, Oxford University
Peter Calvert. 1970. A Study of Revolution. University of Michigan, V. 63
Phillips.Ray.1938. The Bantu in the City: Astudy of Cultural Adjustment on the Witwatersrand.
Alice. The Lovedale press
Register, D. (2001). The Effets of an Early Intervention Music Curriculum on Prereading.
Journal of Music Therapy, 38(3), 239-248
Robin D. Moore. 2006. Music and Revolution: Cultural Change in Socialist Cuba.University of
California
Rogers,R. Malamcharuvil-Berkes, E., Mosley, M., Hui, D and O‟ Garro Joseph, G. 2005.
Critical Discourse Analysis in Education: A Review of the Literature. Washington. Sage
Publication.
Susan Hallam. 2015. The Power of Music: a research synthesis of the impact of actively making
music on the intellectual, social and personal development of children and young people.
International Music Education Research Centre, London
Samuel Huntigton. 1968. The Clash of Civilization and the Remarking of World Order. New
York
Taakkalaa Gammachuufi Taayyee Guddataa. 2003. Ogwalaloo Afaan Oromoo. Yuunivarsiitii
Jimmaa. (kan hinmaxxanfamiin)
Tasammaa Taa‟aa. 1986. The Political Economy of Western Central Ethiopia: From the Mid-
16th to early 20th Centuries. Michigan State University
Taaxaq Abbabaa. 2021. Storytelling through Popular Music: Social Memory, Reconcilation and
Integrational Healing in Oromia/Ethiopia. Humanities 10(2), p.70.ities 10:70.
78

Taaxaq Abbabaa. 2021. Lost Futures? Educated Youth Precarity and Protests in Oromia Region
of Ethiopia. Children‟s Geographics 18:584-600.
Tasfaayee Tolasaa. 2012. A history of Oromo Culture Troupes in Making of Oromo Political
Struggle. Star Science, Thechnology and Art Journal. Vol.1 No. 3.-88 96. Published
online. www.starjournal.org
Van Dijk. T.A. 2006. Principles of Critical Discourse Analysis. Amsterdam, University of
Amsterdam.
Waldaa Aadaafi Duudhaa Oromoo. 2006. Daaniyaa. Finfinnee Oromiyaa
Wendit Alexander. 1992. Anarchy is What States Make of It: The Social Construction of Power
Politics. International Organization.V.46.
79

DABALEE
Sirboota Keekiyyaa Badhaadhaa Iddatteeffaman
1. Warra kam? KB_Q3_2017

1 Boroon aakkoo manooyyedhaa


2 Bariin moote olka'i jedhaa
3 Haawwan keenya mootii
4 Nu warra seenaa fagooti (x 3)
5 Afaan Oromoo dubbattaaree?
6 Ani Oromoodha jettaaree?
7 Mee wal qorannaa gadi taa'i
8 Abbaa torbakee naa lakkaa'i
9 Ati kan eenyuti?
10 Abbaa torbakee himadhuutii Ati kan eenyuti?
11 Lameen warrakee himadhuutii Ati kan eenyuti?
12 Hidda warrakee himadhuutii Ati kan eenyuti?
13 Madda burqitee himadhuutii Ati kan eenyuti?
14 Duudhaan warraa barbaadi aboo
15 Maaloo nu yaadadhu yaa abdaarii fatoo
16 Warra kam (x4)
17 Ofdanda'aa of dandeenyaa ragaa
18 Warra looniti warri keenya
19 Hidda Kuush irraa dhalanne
20 Sabni Oromoo baldhannee
21 Akka cirrachaa baay'anne x2
22 Waan bara dhahaan fudhate
23 Seera gulantaan tumate
24 Oromoon in moggaafata hammatee
25 Harma hoosisa hammatee
26 Orma oromoomsa hammatee
27 Rooba roobsisa kadhatee
80

28 Warra kormaan falate


29 Ateetee suufoo Gorbeetii
30 Kan bareeddittii Gurgureetii
31 Haawwan akka aayyaa Makkoo
32 Fiixatu lalisee warrakoo
33 Boroo fi Bariinii
34 Gabatee Oro saniinii( x4)
35 An dhalootakoof wantin dhaamu
36 Nama Oromoodhaan of waamu
37 Jechi Oromummaa hin ibsuutii
38 Ulaagaa guutamu guuti (x3)
39 Ati kan eenyutii
40 Mee gosa kan kee himadhuutii Ati kan eenyuti?
41 Mee miseensakee himadhuutii Ati kan eenyuti?
42 Mee balbalakee himadhuutii Ati kan eenyuti
43 Ibiddaa fi fincaan himadhuutii Ati kan eenyuti?
44 Duudhaa warraa barbaadi aboo
45 Maaloo nu yaadadhu yaa abdaarii safoo
46 Ofdanda'aa of dandeenya ragaa
47 Irreecha irreen warra keenyaa x2
48 Toorri eenyummaa tooranaa
49 Yaa Hortee kachaa warranaa
50 Ilmi hangafaa Boorana x2
51 Yoo balleessan warra darbe
52 Kan cubbuun ilmaan rakkisu
53 Oromoon warra ekeraa dubbisu
54 Warra moorallee dubbisu
55 Warra dhugaa dubbisu
56 Ayyaan lakkooftuu dubbisu
57 Nu Warra dhugaa leellisu
58 Warra ekeraa dubbisu
81

59 Nu warra dhugaa leellisu.

2. Dhugaa baas..! (KB_Q5_ 2020)

1 Gurraacha Afrikaa Oromoo ka'igaa


2 Kiliimaanjaaroo baana jetti alangeenii keenya fardeenii
3 Garuu yoo dabellee galatoomaa kuushitu seenaa qaroomaa
4 Dhugaan bahuu qaba x3
5 Lammii hojiitti hiiki lakkiigaa
6 Kan gaafa Afrikaa
7 Waaqatu nu uumee lafatu nu baata
8 Diinni hidhii maaf nutti nyanyaata
9 Bitata hinbeeku gabaa abaara
10 Jara wallaalli bubbutte nyaara
11 Waa dhabni fiixee gurri nu xiixee
12 Dhugaa baasikaa dhugaa baas (x3)
13 Kinoo barri dubbii bulte suufa
14 Qabsiisuuf qaanqeetti buufa hafuufaa hafuufaa (x3)
15 odaa galma bullee jala oolle
16 Abbaatu eeggata ijoollee silaallata foollee (x3)
17 Kan namni heera uumaa gadhiise
18 Harki waldheensee nu agarsiise huurrii buusaa (x3)
19 Lafti bariitee eega hin bobbaanee
20 Itti citnee yoo gala hindachaane
21 Huurrii maramoo huurrii buusa huurrii buusaa (x3)
22 Oolluma oollaa oolla oolla
23 Fuggisoo kaataa qara nyaata
24 Absaali foollee eega hin oollee
25 Dhugaa baasikaa dhugaa baasi (x5)

3. Barraaq! (KB-Q16b- 2020)

1 Oromiyaan lafuma
82

2 Oromummaan nafuma
3 Yaaduma qawwee tumu
4 Dhumi jedhanii hindhumu
5 Barraaq barraaq!
6 Waan qabu waliin qaba
7 Waan dhabu waliin dhaba
8 Kan ayyaantummaa qabu
9 Hin eeginaa hincabu
10 Barraaq barraaq barraaq barraaq!
11 Gaafa guulaa nu guulchisa
12 Gaafa duulaa nu duulchisa
13 Waan galgala abbaa eeggatu
14 Yoo beekkatan guyyaan beekkatu
15 Goonni diinaan dirree bu'aa
16 Gaafa xiiqii sabaaf du'a
17 Gaafa roorroo sabaaf du'aa
18 Ilmi dhiiraa biyyaaf du'a
19 Xiyyaara qabsoo keenyaa
20 Hayyootatu bararsee
21 Beenzilli isaa dhiigaa
22 Foon gube lafeetti cabsee
23 Mul'is Gadaa, Musxafaa Harawwee
24 Qabsoo sirbaa fi dhukaasa qawwee
25 Eebbisaa fi Usmaayyoo irmiin bahamee
26 Baqqalaafi Jireenyaa iyyaan dhabame
27 Biddeen lafee Daadhii baaburatti daaksifamee
28 Ittoo foon Hacaaluu Hundeessatiin godhame
29 Hin nyaatnu jiraan du'aan hoodee
30 Jiraannu inuma baafanna gumaa koodee
31 Waleen Ormaaf sirna ofiif laatti
32 Dhaleen maalumaaf wajjin nyaatti
83

33 Bu'aa qeerroof qarree


34 Ce'umsaan walgarree
35 Faffacaatii ammaa
36 Waa hinjettuuree Lammaa
37 Shaneefi ABO
38 OLF KFO
39 Hin barreen haa bartu
40 Oromoodha martuu
41 Namni Oromoo taatee qawwee ormaa baatte
42 Si gaafata seenaan yoo sabakee waraante
43 Mususxafaa Husseen ta'i ofiin beekii
44 Waraana baatte ummataan eegi
45 Badhoof Dawoo Soolee akeekaa
46 Kaffaaloon miila itti dhabuu beekaa
47 Abbaan Gadaa beenuu bishaan mataa yaa'aa
48 Dhaabbadhaa waliin laalaa sabaaf xurree kaa'aa
49 Diddan Oromoo manni lamaa beekaa
50 Manneen hidhaaf mana kiraatu eegaa
51 Kuun daggala kuun biyya ormaa keessaa
52 Walitti qabaa harca'ee walkeessaa
53 Karayyuufi Baasoo Oboo maatii torbaa
54 Safuu eegi hulaa weerartuu Argobbaa
55 Dinagdeen nu cabsuuf
56 soodareerraan marsuu
57 Hayyuu keenyee hidhaa
58 Hin barbaadnu cidha
59 Taaddeet dhaame duraa
60 Amantiin hafuuraa
61 Wal hin nyaatnu didaa
62 Tokkummaat waa fidaa
63 Nadhii hin nyaatnu gurra
84

64 Garbummaa in xumurra
65 Hin qabnu gungulchuu
66 Alagaan nu hin bulchu
67 Nu Oromoodhaa alagaan nun bulchu
68 Warra lubaati alagaan nu hin bulchu (x3)

You might also like