You are on page 1of 67

XIINXALA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO DHIIROTAA FI

DUBARTOOTA GADI QABANII: KITAABA MAMMAAKSA OROMOO


JILDII -3FFAA IRRATTI BU’UUREFFACHUUN

QORANNOO SAGANTAA DIGIRII DURAAN BOODAA (MA)

KIBBINASH KUMSAA WARATII

HAGAYYA, 2020

YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA, HARAMAAYAA


Xiinxala Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Dhiirotaa fi Dubartoota Gadi
qabanii: Kitaaba Mammaaksa Oromoo Jildii -3ffaaIrratti Bu’uureffachuun

Qorannoo Digirii Lammaffaa (MA), Muummee Afaan Oromoo, Ogumaafi


Qunnamtiif Dhiyaate

Daariktoreeta Sagantaa Barnoota Digirii Duraan Boodaa


YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

Ulaagaa Itti Guuttannaa Gar-Tokkee Barnoota Digirii Duraan boodaa


AFAAN OROMOOFI OGUMA BARSIISUUTIIN

Kibbinash Kumsaa Waratii

Hagayya, 2020
Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa
ii
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

DAARIKTOOREETII SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII DURAAN


BOODAA
Uunka Madaallii Waraqaa Qorannoo

Waraqaa qorannoo barattuu Kibbinash Kumsaa Waratii, mata duree “Xiinxala Mammaaksota
Oromoo Dhiirotaafi Dubartoota Gadqabanii: Kitaaba Mammaaksa Oromoo Jildii -3ffaa Irratti
Bu’uureffachuun” jedhurratti gaggeessummaa koo jalatti hojjechaa turte dubbisee madaaleer.
Kanaafuu, uulaagaa waraqaa qorannoo sagantaa digirii duraan boodaaf Yuunivarsiitiin kaa’e
waan guuttee jirtuuf akka isheen dhiyeessituuf yaada kenneera.

____________________ ___________________ _________________


Gorsaa ijoo Mallattoo Guyyaa
____________________ ___________________ __________________
Gorsaa gargaaraa Mallattoo Guyyaa

Akka miseensa boordii qortoota sagantaa barnoota digirii duraan boodaatti waraqaa qorannoo
barattuu Kibbinash Kumsaatiin qophaa’e dubbisee madaaleera. Akka kootti waraqaan kun
ulaagaa waraqaa qorannoo sagantaa barnoota digirii duraan boodaa Afaan Oromoofi Oguma
barsiisuutiin ni guuta jedhee mirkaneesseera.

______________ __________________ _____________________


Barreessaa Mallattoo Guyyaa
______________ __________________ ____________________
Qoraa Keessaa Mallattoo Guyyaa
______________ __________________ ____________________
Qoraa Alaa Mallattoo Guyyaa

___________________________________________________________________________
Itti gaafatamaa Muummee yookin Qindeessaa Sagantaa Barnoota Digirii Duraan boodaa MA

iii
IBSA QORATTUU

Ani qorattuun maqaafi mallattoon koo armaan gaditti eerame, waraqaan qorannoo kun hojii
koo kan ta’eefi kanaan dura Yuuniivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin
dhiyaanne ta’uusaafi wabiilee qorannoo kanaaf dubbisee irraa fayyadame hunda isaanii wabii
keessa kaa’uu koo nan mirkaneessa.

Maqaa____________________________________________________________________

Mallattoo __________________________________________________________________

Guyyaa ____________________________________________________________________

iv
GALATA

Duraan dursee, jalqabaa kaasee hanga har’aatti nagaa naaf kennuun sadarkaa kana irra akkan
ga’u kan nagargaare Waaqayyoon galateeffadha. Itti aansuun milkaa’insa qorannoo kanaatiif
beekumsaafi muuxannoo qabaniin osoo hin nuffiin qajeelfamaafi gorsa kan naaf kennan
gorsitoota koo Fiqaaduu Baldaa (Gargaaraa Pirof.) fi Dr. Jeyilaan Amaan guddaan
galateeffadha. Kana malees namoota kallattii gara garaatiin qorannoo kana irratti yaadaafi
beekumsaan na deeggaran galateeffachuun barbaada. Akkasumas, yeroo isaanii aarsaa gochuun
ragaa qorannoo kanaa kan naaf kennan barsiisota Mana BarumsaaMoodeelii Yuunivarsiitii
Haramaayaatti Afaan Oromoo barsiisankanneen ragaa qorannoo kanaa kennuun gargaarsa naaf
godhan heddun galateeffadha. Dhumarratti, yeroon ani qorannoo kana hojjadhu maatii koo
kunuunsuu fi haala hundumaan kan nagargaaraa ture abbaa manaa koo Obbo Mulugeetaa
Buusaa baay’een galateeffadha.

v
AXEREERAA
Xiinxala Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Dhiirotaafi Dubartoota Gadi
qabanii: Kitaaba Mammaaksa Oromoo Jildii -3ffaa Irratti Bu’uureffachuun

Qorannoon kun xiinxala qabiyyee mammaaksota Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qabanii
kitaaba mammaaksa Oromoo Jildii 3ffaairratti bu’uureffachuun dhiyaate. Qorannoo kanaaf
ka’uumsa kan ta’e, mammaaksonni Oromoo hedduun qabamanii jiildiiwwan adda addaan
kaa’annii qabiyyee, hiikaa fi ergaa isaanii heddumminaan hinxiinxalle. Kana malee
mammaaksoonni gadi qaboo koornyaalee lameen irratti mammaakaman miidhaa isaan
qaqqabsiisan hayyoota garagaraatiin qorataman baay’inaan hin jiran. Kan jiranillee
caalmaatti mammaaksoota gadi qabamuu dubartootaa ibsan irratti xieeffatu. Akkasumas
miidhaalee mammaaksonni koorniyaalee lameen gadiqabuuf mammaakaman hawaasa irratti
qaban maal maal akka ta’e addaan baasuun hin ibsine. Qoorannoon kunis mammaaksota
Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qaban xiinxaluun hiika mammaaksoonni kunneen qaban
ibsuuf irratti xiyyeefata. Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u
ragaaleen qorannichaa qaaccesaharshammee fi afgaaffii gargaaramuun funaanamaniiru. Rag
aaleen funanamaniis akkataa mammaaksonni ergaa gadi qabaa dhiirotaafi dubartootaa qaba
n akkaataa galumsa isaaniitiin xiinxalamaniiru.Argannoowwan qorannichaasmammaaksonni
Oromoo gadi qabamuu dhiirotaa fi dubartootaa kallattii adda addaatiin akka calaqqisiisan.
Kanamalees miidhaaleen gama kanneeniin mul’atanis, hawaasa biratti akka gadaanaatti
lakkaa’amuu,qabeenyaarratti aboo dhabuufi mirga filatamuun siyaasa keessatti qooda
fudhachuu dhabuun dhiirota jalatti akka bulan taasifamuu fa’a. Ilaalcha hawaasaarraa ka’een,
carraan dubartootaa dhiirotaan kan murtaa’u ta’uudha. Yeroo ammaa kana itti fayadamni
mammaksota kanneenii hamma tokko hir’ina qabaatus ilaalchonni kana dura hawaasa keessa
turan ammas darbanii darbanii kan calaqqisan ta’uun hubatameera.

vi
BAAFATA

GALATA v
AXEREERAA vi
BAAFATA vii
1. SEENSA 1
1.1 Seenduubee Qorannichaa 1
1.2 Ka’umsa Qorannichaa 2
1.3 Gaaffilee Qorannichaa 3
1.4. Kaayyoo Qorannichaa 4
1.4.1. Kaayyoo Gooroo 4

1.4.2. Kaayyolee Gooree 4

1.5 Barbaachisummaa Qorannichaa 4


1.6 Daangaa Qorannichaa 5
1.7 Hanqina Qorannichaa 5
1.8 Qindoomina Qorannicha 6
2. SAKKATTA’A BARRUULEE FIROOMINAA 7
2.1. Yaadrimee 7
2.2 Maalummaafi Ibsa Afoola 8
2.3 Gosoota Afoolaa 8
2.3.1. Raagoowwan 9

2.3.2 Afwalaloo 11

2.3.3 Unkawwaan Gaggabaaboo 11

2.4. Maalummaa Mammaaksaa 12


2.5. Haala Qoqqooddii Mammaaksaa 13
2.6 Faayidaalee Mammaaksaa 14
2.7 Amaloota Mammaaksaa 17
2.7.1. Ummatummaa 17

2.7.2. Lufummaa 18

vii
2.7.3. Yoomessa Baldhaa Qabaachuu 18

2.8 Qabiyyee Mammaaksaa 19


2.8.1 Arjummaafi Doqnummaa 21

2.8.2 Obsaafi Ariifannaa 21

2.8.3 Gowwummaafi Gamnummaa 21

2.8.4 Duudhaa, Safuu Eegsisuuf 22

2.8.5 Guddina Afaaniif 22

2.8.6 Tuffiifi Kabaja 23

2.8.7 Gorsaa 24

2.9 Bifiyyee Mammaaksaa 25


3.XIINMALA QORANNICHAA 27
3.1. Saxaxa Qorannoo 27
3.2. Madda Ragaalee 27
3.3. Iddattoofi Iddatteessuu 27
3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee 28
3.4.1 Qaaccessa Harshammee 28

3.4.2 Afgaaffii 28

3.5. Mala Xiinxala Ragaalee 28


4.XIINXALAA FI HIIKA RAGAALEE 29
4.1 Xiinxala Mammaaksota Oromoo DubartootaGadqaban 29
4.1.1 Dubartoonni Tuffatamoo Ta’uu Isaanii Kan Mul’isan 29

4.1.2 Dubartiin Odeessituu Ta’uu kan Ibsan 32

4.1.4 Dubartiin Balleessituu Ta’uu Ishee kan Ibsan 34

4.1.5. Dubartoonni Dinagdeedhaan Hirkatoo Ta’uu kan Ibsan 36

4.1.6. Dubartiin Hoggansa irratti Hanqina Qabaachuu 38

4.2 Xiinxala MammaaksootaGadqabamaa Dhiiraa Mul’isanii 38


4.2.1.Tuffatamuu Dhiiraa Kan Mul’isan 39

viii
4.2.2. Lugna/Dabeessummaa 42

Mammaaksonni armaan gadii gootummaa yookiin jagnummaa irratti hanqina dhiironni


qaban agarsiisuun, dhiironni akkasii hawaasa keessatti gadaantota ta’uu isaanii
agarsiisuun kanneen mammaakamaniidha. 42

4.2.3 Doofaa Ta’uu 43

4.3.Garaagarummaa Mammaaksota Dhiirotaafi Dubartoota Gadi Qaban 44


4.4. Itti Fayyadama Yeroo Ammaa Mammaaksota DhiirotaafiDubartoota Gadi Qabanii 45
5 . CUUNFAA , ARGANNOO FI YAADA FURMAATAA 48
5.1 Cuunfaa 48
5.2 Argannoowwan Qorannichaa 49
5.3 Yaada Furmaataa 49
WABIILEE 51
DABALEEWWAN 54

ix
1. SEENSA
1.1 Seenduubee Qorannichaa

Afoolli aadaa, seenaa, safuu, duudhaa, eenyummaa hawaasaa, walumaa galatti ogummaafi
jireenya hawaasa tokkoo dhalootaa dhalootatti kan dabarsudha.Geetaachoo (2008:141) “Afoolli
aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa dhaloota darbee himamsa afaaniitiin dhalootaa dhalootatti
daddarbuudha”akka ta’e ibsa. Kana jechuun afoolli haala jiruuf jireenya hawaasaa mara kan
baatee deemu waan ta’eef, osoo barreeffamnihineegalamiin dura afaaniin daddarbaa kan
tureedha. Yewayinxajjiin (2016:1) haaluma walfakkaatuun “Afoollii dhalli namaa yaada isaa
barreeffamaan dabarfachuu osoo hin jalqabiin dura kan afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbaa
tureefi ammas kan darbaa jiruudha.” jechuun ibsiti.

Gama biraatiin Tafariin (1998:157) maalummaa afoolaa yoo ibsu“Afoolli hojii huccuu
miidhaginaa uffatee, jireenyaafi miidhagina walitti qindeessee afaaniffaan dhalootarraa
dhalootatatti dabarsaa ture.” jedha. Kana jechuun, aadaafi seenaa saba tokkoo, sadarkaa guddina
hawaasichi irra ture, sadarkaa guddinaafi bal’ina afaan saba tokkoo kan calaqqisiisudha. Afoolli
hawaasa biratti tajaajila adda addaa kan qabuudha. Yaada kana, Geetaachoon (2008:1), afoolli
uummata qubee mataasaa hin qabne seenaasaa ittiin dabarsuuf, barnoota afaaniffaa ittiin
kennuuf, aara galfachuufi bashannanuuf, jireenya hawaasa, duudhaa, aadaa, seenaa ibsuuf,
kabajaafi amantii hawaasni tokko waan tokkorratti qabu agarsiisuuf kan fayyadudha jechuun
addeessa. Afoolli ammoo gosoota adda addaa kan of keessatti qabudha. Hawaasnis
eenyummaasaa kan ittiin ibsatu gosoota afoolaatti fayyadameeti.

Gosootoa afoolaa kanneen keessaa ammoo hawaasni kan bal'inaan dhimmi itti bahu mammaak
sa. Dhimma kana ilaalchisee, Meider (1997:67), “Mammaaksi seenaa hawaasa durii waliin
hidhata akka qabuufi waan duriiti.” Jedha. Gooreewwan afoolaa adda addaa hawaasa biratti
faayidaawwan adda addaa qaba. Dhugaan kunis, Oromoo birattis kan hojjetudha. Oromoon
mammaaksa dhimma garagaraatiiif oolcha. Faayidaalee mammaaksi kennu keessaa muraasni
isaanii: barsiisuu, gorsuu, sirreessuu, dubbii qabbaneessuu, araarsuu, quuqama ofii ittiin
ibsacuu, goota kakaasuu, dabeessa jajjabeessuu, cimina ittiin ibsachuufi gama biraatiin immoo
gadaantummaa namaatis ibsachuuf kan mammaakaman jiru jedhe. (Meider 1997; 67).
2

Adeemsa hawaasummaa keessatti namni nama akka isaa waliin yeroo jiraatutti waliin dubbiin
yaadasaa akka fedha isaafi miira isaa keessatti dhufeen waliin haasa’uun mari’atee mari’achiis
a, dubbatee waldudubbisa. Waliin dubbii keessatti mammaaksi dubbii mi’eessuufi gabaabsee
dhiyeessuuf kan tajaajiludha. Kaan ammoo, galumsa hawaasa Oromootiin yoo ilaallu, namni
mammaaksa beeku akka nama, ogeessa, qareessaa, hayyuu akkasumas, waa mara beekuutti ka
bajaafi ulfina qaba.

Mammaaksi dubbii dheeraa tokko mala gabaabinaan kurfeessanii kaa’uuf tajaajiludha.Yaada


kana Wasaneen (1994:89) faayidaa mammaaksaa yoo ibsu “mammaaksi, yaada gabaabsa.”jed
ha. Kana jechuun adeemsa waliin dubbii keessatti mammaaksi haasaa dheeratee nama nuffisiis
u gabaabsanii ittiin ibsuuf kan tajaajilu ta’uu isaati. Mammaaksi qabeenya Oromoo kan ta’eefi
duudhaa hawaasa Oromoo kallattii maraan dhalootatti kan dabarsu ta’ee, barsiisuu, gorsuu, qaj
eelchuu, amansiisuu, jibba mul’isuu, eebbisuu, beeksisuu, himuu, tuffii agarsiisuun faayidaasa
ati. Akasumas, yaada bal’aa ta’e, hima yookaan gaaleen ergaa bal’aa cuunfee dabarsuun hawa
asa walii galchuuf gargaara. Gama biraatiin mammaaksi guddina afaan saba tokkootiif qooda
olaanaa qaba. Kunis, afaan sabichaa karaalee adda addaatiin ibsee waan dhiyeessuuf seenaa da
rbe kan barsiisudha. Mammaaksi hawaasa tokkoo gadifageenyaan qoratamee haala adda addaa
keessatti hojiirra akka oolu gochuun ga’ee dhaloota hundaa keessumaa ammoo kan qaama
baratanii ta’a. Akkasumas, bu’aa mammaaksonni hawaasaaf qaban adda baasuun barreessanii
kaahanii dhaloota dhufuuf dabarsuun, dhaloonni hambaa gochuuf gargaara. Qorannoo kanaani
s, mammaaksa Oromoo gadi qabaa dhiirotaafi dubartootaa agarsiisan xiinxaluun ifatti baasuuf
qorannoon kun hojjetamee jira.

1.2 Ka’umsa Qorannichaa

Oromoon afoola isaatiin; aadaa, duudhaa, safuu, kadhaa, eebba, gootummaa, abaarsa, dhugaa,
gadi qabaaf kana kan fakkaatan ibsata. Afoola hedduu jiran keessaa ammoo, bal’inaan waa’ee
hawaasaOromoo sirriitti karaa adda addaatiin kan ibsu mammaaksadha.(WiirtuuJildii.4:14).M
ammaaksonni Oromoo hedduun hayyoota hedduun funaanamee walitti qabamee jira. Hayyoon
ni kunneenis, mammaaksota akka waliigalaatti walitti qabuun jiildiiwwan adda addaatiin kaa’a
n malee, ergaa inni dabarsuu danda’u ilaalchisee hedduun isaanii irratti xiyyeeffachuun hinxiin
xalamne. Dabalataanis mammaaksoonni gadqaboo koornyaalee lameen irratti mammaakaman
3

miidhaa isaan qaqqabsiisan hayyoota garagaraatiin qorataman baay’inaan hinjiran. Kan jiranill
ee caalmaatti mammaaksoota gadi qabamuu dubartootaa ibsan irratti xieeffatu. Qorattuun kuni
s, kanuma bu’uura godhachuudhaan mammaaksota Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qaban
xiinxaluun ibsa mammaaksoonni kunneen qaban lafa kaa’uuf hojii keessa galtee kan hojjetted
ha.

Mammaaksa Oromoo kanaan dura hayyoota adda addaatiin funaanamanii jiran xiinxalanii ol
kaa’uun gahee warra barate hundaati. Hawaasicha keessatti mammaaksota dhiirotaaf dubartoota
gadi qabuuf mammaakaman duukaa bu’anii xiinxaluun haqummaa isaanii adda baasuun
dhalootaaf ibsuu barbaachisa. Akkuma og-afaan biroo hayyoonni gara garaa
mammaaksarratti qorannoo adeemsisanii jiru. Mammaaksa Oromoo gorsa eyyeentaa kennuuf
oolan irratti Gonfaa (2008), qorannoo kan dalagee ture yoo ta’u, Yewayinxajji (2016)
“Qaacceessa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Cimina Dubartoota Ibsan” jedhu irraatti
qorannoo gaggeessitee jirti. Qorannoon ishee kun cimina dubartootaa irratti waan xiyyeeffatee
f mammaaksoota hanqina dubartootaa ibsan tokkoyyuu hin tuqne. Kanaafuu qorannoon
Yewaynxajjii kun qorannoo kana irraa addaa ta’a. Fiqaaduun (2007) mata duree “Qaaccessa
Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Ijoolleefi Ijoollummaa ”Wallagga Bahaa irratti xiyyeeffach
uun qorannoo adeemsisanii jiru.Qorannoon Fiqaaduu kun qaaccessa mammaaksota Oromoo
ijoolleefi ijoollummaa irratti xiyyeeffatu kan qaacceessu malee, waa’ee dhiirotaafi dubartootaa
gadi qabuu irratti waan jedhe hin qabu. Qorannoon kun immoo, xiinxala mammaaksota Oromoo
dhiirotaaf dubartoota gadi qaban xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatee dha.

Haa ta’u malee kallattii mammaaksaa irratti qorannoo walfakkaataa dalagan irra caalmaatti
gadi qabaa dubartootaa qofa irratti xiyyeeffachuun raawwatan waan ta’aniif, qornnon mamma
aksota bifa dhiirotaafi dubartoota gadiqaban gadi fageenyaan qorachuu irratti xiyyeeffate.

1.3 Gaaffilee Qorannichaa

Gaaffileen Bu’uura Qorannoo Kanaan Deebii Argatan Kanneen Armaan Gadiiti.

1. Mammaaksonni dhiirotaaf dubartoota gadi qaban dhimmoota akkamiirratti xiyyeeffatuu?


2. Miidhaan mammaaksota dhiirotaaf dubartoota gadi qabuuf mammaakamanii maalii?
4

3. Garaagarummaan mammaaksota dhiirotaafi dubartoota gadi qabuuf mammaakamanii


maalii?
4. Yeroo ammaa itti fayyadamni mammaaksoota dhiirotaaf dubartoota gadiqabanii maal
fakkaataa?

1.4. Kaayyoo Qorannichaa

1.4.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyeewwan mammaksota Oromoo kanneen gadi qabaa
dhiirotaaf dubartootaa agarsiisan xiinxaluudha.

1.4.2. Kaayyolee Gooree

Kaayyoo Gooree Qorannoo Kanaa:

1. Mammaaksonni Oromoo dhiirotaaf dubartoota gadiqaban dhimmoota akkamiirratti akka


xiyyeefatu adda baasuu.
2. Miidhaan mammaaksota Oromoodhiirotaaf dubartoota gadi qabuuf mammaakamanii maal
akka ta’an addeessuu.
3. Garaagarummaa mammaaksota Oromoo dhiirotaafi dubartoota gadi qabuuf mammaakama
nii ibsuu.
4. Itti fayyadamni mammaaksota Oromoo dhiirotaaf dubartoota gadi qabanii maal akka
fakkaatan addeessu.

1.5 Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon kun hawaasa Oromoo maraaf, namoota afoola Oromoo irratti qorannoo gaggeessuu
barbaadaniif bu’aalee armaan gadii ni qabaata jedhamee abdatama. Ilaalacha dhiironniifi
dubartoonni ittiin gadi qabaman rakkinasaa xiinxaluun beeksisuudhaan, kunuunsa dhiirotaaf
dubartootaaf godhamuu qaban adda baafachuuf fayaduu nidanda’a. Ergaa mammaaksonni gadi
qaboo dhiirotaaf dubartoota irratti mammakamanii hubachuun aadaa,
seenaa, duudhaa hawwasichaa kannneen harca’aa dhufaniifi irraanfatamaa dhufan xiinxaluudh
aan hawwasa Oromootiif kallattii hubannoo kaa’uun dhaloota dhufuuf akka darbu taasisuudha.
5

Adeemsa jiruuf jireenya fuula duraa irratti hawaasni Oromoo hubannoo gad fagoo akka qabaatu
taasisuuf, namoota mammaaksatti dhimma bahaniif, barreessitootaaf galtee hubannoo
ta’uudhaan kan tajaajiluu fi kan kana fakkaatuuf gargaaruu danda’a. Namoota gara fuulduraa
qorannoo kana fakkaatu gaggeessuu barbaadaniif akka ka’uumsaatti gargaaruu danda’a.

1.6 Daangaa Qorannichaa

Qorannoonmammaaksota irratti gaggeeffaman hedduudha. Haa ta’u malee qorannoon kun


kitaaba mammaaksa Oromoo Jildii- 3ffaa qofarratti xiyyeeffata. Kunis, qorannoon gaggeeffamu
kun qabiyyeewwan mammaaksota hedduu jiran keessaa mammaksota gadi qaboo dhiirotaafi
dubartoota irratti xiyyeeffate. Sababni isaas, mammaaksota hedduu hawaasni Oromoo dhimma
itti bahu mara si’a tokkotti qorannoo kana keessatti kaasuun waan hindanda’amneef, qorannoon
kun kanneen gadi qabaa qofa ibsan irratti daanga’eera. Sababni mammaksota gadi qaboo
filatamaniifis, mammaaksonni qabiyyee akkasii qaban kunneen, hawaasicha keessa kan turan
ta’uufi dhiibbaa isaan hawaasa irratti qaban ibsuuf.

1.7 Hanqina Qorannichaa

Adeemsa qorannoo kana gaggeessuu keessatti wantoonni akka hanqinaatti mul’atan maddoonni
ragaa kitaabileen wabii bay’inaan argamuu dhabuu, qorattuun hojii qorannoo irratti
muuxannoo gahaa dhabuu fi yeroon qorannichaa yeroo hojii idileen waan walirra bu’eef yeroo
gahaa dhabuudha.Kitaabileen wabii qorannoo kanaaf gargaaran Afaan Oromootiin
barreeffaman baay’inaan dhabamuu isaaniiti. Sababa dhukkuba koronaa irraa kan ka’e namoota
ragaa qorannoo kanaa naafkennan wajjiin wal arguuf rakkachuu. Haata’u malee qorattuun
hanqinaalee adeemsa qorannoo kana keessatti muudatan kana tooftaalee adda addaa
fayyadamuun furteetti. Kunis hanqina kitaabilee wabiitiif mana kitaabaa deemuun kitaabileefi
qorannoowwan dhimma kanaan walfakkaatan barbaaduun hanga argaman sakatta’uun rakkoo
kana furteetti. Hanqina gama muuxannoo qorannoo dhabuutiin walqabatan ammoo gorsaa
isheetiin walqunnamuun gorsaafi qajeelfamoota adda addaa fudhachuun furteetti. Akkasumas
yeroo ishee hanga danda’ametti walsimsiisuun hanqina yeroos furteerti. Kitaabilee afaan biroon
barreeffaman gara Afaan Oromootti hiikuun fayyadamteetti. Walumaa galatti hanqinaalee
muudatan kanneenfuruun qorannoon kun galma akka gahu taasifteetti.
6

1.8 Qindoomina Qorannicha

Qorannoon kun kutaalee gurguddoo shanitti qoodamuun qindaa’e. Kutaan jalqabaa seenduubee
qorannichaa waliigalaan kan ibsuudha. Kunis, seenduubee, ka’umsa, gaaffilee bu’uura
qorannichaa, kaayyoo gooroofi gooree, barbaachisummaa, daangaa, hanqinaafi qidoomina
qorannichaa fa’a ofkeessatti hammate. Kutaa lammaffaan sakatta’a barruuti. Kutaa kana
keessatti barruuleen firoominaa matadureewwan xixiqqaatti qoodamuun dhihaatan. Kutaa
sadaffaan mala qorannichaati. Mataduree kana jalattis saxaxa qorannichaa, madda ragaalee,
iddattoo fi mala iddatteessuu, meeshaalee funaansa ragaa, adeemsa ragaa walitti qabuufi mala
xiinxala ragaaleefaatu dhihaate. Kutaa afraffaan ammoo xiinxalaafi hiika ragaaleeti. Kutaa kana
keessatti ragaaleen xiinxalamanii hiikamuun ibsaman jiru. kutaa shanaffaan cuunfaa, argannoo
fi yaada furmaatati. Mataduree kana jalatti ammoo xiinxala fi hiika ragaalee irraa
argannoowwan argaman duraa duubaan erga dhihaatanii booda, argannoowwan kanneen irratti
hundaa’uudhaan hanqinoota jiraniif furmaata ta’uu danda’u jedhamanii kan yaadaman yaadonni
furmaataa dhihaatanii jiru.
7

2. SAKKATTA’A BARRUULEE FIROOMINAA

Matadureen kunsakkatta’a ogbaruu firoominaa bakka itti dhiyaatuudha. Matadureewwan as


jalattti xiyyeeffatamanis yaadiddama qorannoo tumsu, Yaadrimee, Maalummaafi Ibsa Afoola,
Gosoota Afoolaa, Maalummaa Mammaaksaa, Haala Qoqqooddii Mammaaksaa, Faayidaalee
MammaaksaafiQabiyyee Mammaaksaa dha. Yaadonni matadureewwan addaddaa jalatti
dhiyaatanis barruuleefi qorannoowwan garaa garaa mammaaksa Oromoorratti hojjatamaniifi
kitaabilee, qorannowwan kanaan dura hojjataman sakkatta’uun kan dhiyaataniidha.

2.1. Yaadrimee

Qorattoonni tokko tokko jecha “afoola” jedhuun yaadrimee “fookloorii” jedhu yoo bakka
buusan, gariin isaanii ammoo, jecha “afoola” jedhuuf yaadrimee isaa afaan ingiliziin, “Oral
literature” jedhu bakka buusuun itti gargaaramaniiru. Yaadrimee “afoola” jedhuuf isa Afaan
Ingiliziin “folklore”jedhu kan bakka buusan keessaa, Asafaa, (2009); Misgaanuu, (2011 )
argachuu nidandeenya. Akka yaada ogeessota kanaatti jechi Afaan Oromoo keessatti “afoola”
jedhamuun dhimma itti bahamu yaadrimeen isaa Afaan Ingiliziin “folklore” jedhu waliin waan
walgituuf qorannoo Afaan Oromoo keessatti jechi kun bakkasaa bu’ee nutajaajiluu nidanda’a
ilaalcha jedhu qabu. Kanaafuu, yaadrimee Afaan Ingiliziin “folklore” jedhuuf Afaan Oromoo
keessatti “afoola” yoo bakka buusan, isa Afaan Ingiliziin “Oral literature” jedhuuf ammoo,
“ogafaan” jecha jedhu bakka buusuun itti gargaaramaniiru.

Haata’u malee, Fedhasaan ( 2013) yaada kana mormuudhaan, “afoolli” yaadrimee “fookloorii”
jedhuun walgituu akka hindandeenye ibseera. Sababni inni dhiyeesses, afoolli qaama fookloorii
keessa tokko ta’uun kanneen afaaniin dhaloota dhalootatti lufu yoo ta’u; fooklooriin garuu,
kanaan olitti: duudhaa hawaasaa, artii hawaasaafi meeshaalee aadaa akka dabalatu kaa’eera.
Kanaafuu, Afaan Ingiliziin “Oral literature” isa jedhamuun “afoola” “folklore” isa jedhamuun
ammoo, jechoota Afaan Oromoo keessa jechi yaadrimee kana bakka bu’u waan hinjirreef,
ergisaan “fookloorii” isa jedhu fudhachuun gaarii akka ta’e kaa’eera. Egaan yeroo waa’ee
afoolaa ibsinuufi barreessinu bifa walfakkaatuun moggaasnee itti gargaaramuu dhiisuuniifi
yaadrimee walfakkaatu bakka buusuu dhiisuun waltina afaanichaarrattis, ta’e namoota
fooklooriifi afoola hawaasa Oromoorratti qorannoo gaggeessaniif mata dhukkubbii waan ta’uuf,
8

anis yaada Fedhasaa (2013) deeggaruudhaan qorattoonni osoo yaadrimee isa afaan Ingiliziin
“oral literature” jedhuuf, Afaan Oromoo keessatti haala walfakkaatuun osoo “afoola” kan
jedhutti gargaaramanii gaariidha.

2.2 Maalummaafi Ibsa Afoola

Akka gooroo fookloorii immmoo afoolli unkaawwan aknneen akka makmaaksaa, durdurii,
hiibboo, afwalaloo, cigoo, jechamootaffi kkf kannee gareen hawaasaa aadaa, amantaa, siyaasa,
dinagdee, guddina, qaroomina afaanii, safuu, duudhaafi kkf itttiin ibsatuudha. Berhanu (2009:
13 ) akka ibsetti afoolli aadaafi duudhaa hawaasaa kan of keessatti hammatu ta’ee, himiinsa
afaaniin dhalootaa gara dhalootaatti kan darb. Haaluma walfakkaatuun Fedhasaan (2013:33 )
afoolli kalaqasammuu keessatti qophaa’uun afaaniin kan himamu akka ta’e ibseera.

Yaada kanarraas waanti hubatamu afoolli afaaniin dhalootarra dhaloota kan darbu ta’ee
dhimmoota garaa garaa of keessatti hammachuusaati. Haaluma walfakkaatuun Addunyaan
(2014: 166) afoolli ogummaa labata tokkoo kan biraatti afaaniin akka darbu ibsa, Fayyadama
afaanii kan ilmi namaa uumaa, uumama beekumsa natoofi baranee ittiin hubatu jechuunis
nidanda’ama. Kana malees, sochii miiraafi sammuu isaa keessatti lubbuu godhatee miidhagina
uffachiisee bifa qindaa’ina qabuun kan dhiyeessu, sammuu kan dammaqsu, miira kakaasee kan
sissi’eessudha. Kanaafuu, akka barressan kun jedhetti aadaa, seenaa sadarkaa guddinni
hawaasichaa irra jiruufi irra ture mul’isuuf, jechootaafi ibsitoota dhaga’uufi dubbachuuf tolaniin
kununsee dhiyeessa, jechuun ibseera.

2.3 Gosoota Afoolaa

Afoolli bal’ina isaarraan kan ka’e takkaattuu qoratanii waliin ga’uun nama dhiba. Kaayyoon
mata duree kanaas waa’ee afoolaa ibsuuf otoo hinta’iin hubannoo waligalaa gosoota afoolaa
itrattio kenuun caalmaati makmaaksi achi keessattyi xiyyeeffamuu isaa ibsuufi.Akka
Okpewho(1992) gosoota afoola Afrikaa bifa isaan qabanirratti hundaa’uudhaan raagoowwan,
afwalaloofi unkawwan gaggabaa jechuun bakka sadiitti qoodeera.
9

2.3.1. Raagoowwan

Raagoowwan falaasama, ilaalchaafi aadaa saba tokkoo ittiin calaqqisiisuufi ilaaluuf kan
gargaaraniidha. Kanaafuu, walitti dhufeenya Waaqaafi namaa, Uumaafi uumamaa, namaafi
naannoo isaa niseenessu. Kana ilaalchisuun, Bascom (1965), Sahilu, (1996 ) fi Abraham,
(2000) akka kaa’anitti gosoonni raagowwanii bakka raagamtaa, afseenaafi durduriidha
jedhamanii bakka sadiitti qoodamu.

2.3.1.1. Raagamtaa

Raagamtaa jechuun Afaan Girikiitiin, ‘Methos’ jechuudha. Innis, seenaa dhugeef-fannaa


amantaa of jalatti hammata. Kanaafuu, raagamtaan waa’ee amantaa waliin walitti hidhata.
Gosoonni ragamtaa kunis, bakka sadiitti qoodamu. Isaan keessaa Ragamtaan Uumama, waaqni
dur waantota har’a addunyaa kanarratti mul’atan akka uume seenessu. Seeneffama raagamtaa
gosa kanaa keessatti falasamoonni gaaffilee dhala namaa deebisan hedduutu jira. Raagamtaa
Ergamtootaa keessatti ammoo, gochaa ergamoota waaqaa kanneen adeemsa jireenyaa keessatti
gootummaa agarsiisan, gocha boonsaa raawwatan kanneen of keessatti hammata.

Haala kanaan, raagamtaa ergamtootaa keessatti waa’ee gocha ajaa’ibsiisaa ergamoonni waaqa
a ilmaan namaaf raawwatantu seeneffama. Akkasumas, Raagamtaa Goobangaleessaa ammoo,
waa’ee namoota jaalala saba isaaniitiif jedhanii wareegamanii addeessa. Gooban galeessi
kunneen namarraa adda ta’anii dhalachuu nidanda’u. Barri isaan keessatti dhalatanis, yeroo
hawaasni rakkoo adda addaa keessatti kufee jiru ta’uu nidanda’a. Goonni akkasii yeroo dhalatu
ammoo rakkootu saba sanaatiif hiikama (Fedhasaa, 2013).

2.3.1.2. Afseenaa

Afseenaan damee yookaan firii raagoo keessaa isa lammataati. Waa’ee namoota hawaasa
keessatti sadarkaa olaanaarra jiranii yookaan namoota aangoo qabanii kan ilaallatudha.
Fakkeenyaaf, Abbaa Gadaa, Abbaa Duulaa, Abbaa Bokkuufi kan kana fakkaatan ta’uu
nidanda’a. Irra jireessaan haala bulchinsaa waliin walitti hidhannaa qaba. Kanaafuu, waa’een
aangoofi waa’een namoota aangoorra jiranii yeroo raagaman afseena jenna. Kaayyoon isaas,
gaaffiiwwan yaaddessaa ta’an deebisuudha.
10

Seenaa sana keessatti, gochi raawwatame akkamitti akka raawwatameefi maaliif gaaffii
jedhaniif deebii kenna. Waanti afseena durduriirraa adda isa taasisu, waanta raawwateefi eessatti
akka raawwate walduukaa kaa’uu isaati. Innis seenaa dur darberratti hundaa’uudhaan akkaataa
namoonni dur haala rakkisaafi dhiphisaa ta’an keessa kutanii darban hubachiisa.
Walumaagalatti wanti afseenni himamuuf sababni inni guddaan bashannaansiisuu caalaa barn
oota waliif dabarsuudha (Misgaanuu, 2011).

3.3.1.3. Durdurii

Drduriin waa’ee dhala namaa waliin kan walqabatuufi fakkaattonni isaa ammoo waliif faallaa
kan ta’aniidha. Durduriin qabiyyeen isaa waan tokko irratti xiyyeeffata. Waldhabbiin keessatti
calaqqisus ammanatti jabaataa miti. Qabiyyeen isaas baay’ee hinbal’atu. Fakkaattonni kunis,
beelada, nama, lubbu-qabeeyii yookaan lubbu-dhabeeyii ta’uu danda’a. Qooddattoonni
keessatti hirmaatan yeroo baay’ee amala faallaa ta’e qabaachuun beekamu. Kana jechuunis,
jiidhaan yoo jiraate gogaan duubaa hindhibu jechuudha (Fedhasaa 2013). Karaa biraatiin,
Misgaanuun (2011) durdurii bakka gurguddaa afuritti qooduun; durdurii seenessaa, durdurii
gootummaa, durdurii ibsaafi durdurii bineensotaa jechuun kaa’ee jira.

Gosoota durdurii kanneen yoo ilaalle, durduriin seenessaa, waa’ee gochaafi namoota
beekamoo ta’aniifi seenichiifi gochichis kan keessatti dubbatamudha. Seenichi waa’ee mootii
biyyaa, waa’ee gootummaa dirree waraanaafi kan kana fakkaatu ta’uu nidanda’a. Durdurii
Gootummaaammoo, gootummaa of keessaa qaba. Namni durdurii kana himu sababii
gootummaa durta’ee darbe himuuf namni gaaffii ragaa irratti hundaa’e isa gaafatu hinjiru. Yoo
gafatamellee waanti hundinuu dur hafe jechuun amansiisuuf yaala. Innis, gochaalee dur darban
irraa muuxannoowwan akka: tooftaa, cimina, gootummaafi kan kana fakkaatan akka
argannuuf nugargaara. (Fedhasaa 2013). Akkasumas, durdurii ibsaa, ka’umsa aadaa, amantii,
haala jireenya uummata tokkoofi kan kana fakkaatan ilaalchisee gaaffilee ka’aniif ibsa
kennuuf kan gargaaru yoo ta’u,durduriin bineensotaa ammoo, hawaasni gaddaafi gammachuu,
jaalalaafi jibba, shakkiifi amantaa, gaarummaafi hammeenyaafi kan kana fakkaatan ilaalchisee
fuulleetti waan dubbachuu hinbarbaanne bineensotatti qabachuun kan dubbatuudha. Oduun
durii kun irra caalaa haamilee namaa kakaasuufi bashannansiisuuf tajaajila.Misgaanuun
(2011).
11

Walumaagalatti, hawaasni tokko durdurii isaatti gargaaramuun tokkummaa, jaalala, cimina,


waliif yaaduu, injifachuu, milkaa’ina, mirgaan galuu, amanamummaa, waadaa eeguu,
bilchina, abshaalummaa, waltumsuufi walumaagalatti faayidaa kaayyoo walfakkaatuuf akka
dhaabachuu qaban hawaasa barsiisa (Misgaanuu, 2011).

2.3.2 Afwalaloo

Afwalaloon damee afoolaa keeessa tokko yoo ta’u, jiruufi jireenya ilma namaa keessatti
namoota cimsuurratti afoolota warreen kaan caalaa filatamaadha. Fakkeenyaaf, yeroo daboon
waliin hojjetu haamilee walii kennuu, yaada diinaa ofirraa cabsuufi gita qabsoo keessatti gahee
olaanaa qaba. Oromoonis, afwalaloowwaan dhimma adda addaa ittiin ibsachuuf itti
gargaaramu hedduu of keessaa qaba. Kanaan walqabsiisee, Misgaanuun ( 2011: 44 )
ogwalaloon Oromoo unkaaleelee geerarsa, hiibboo, mammaaksa, weedduuwwan addaddaa
akkaqabatu ibseera.

Akka Misgaanuun (2011: 45 ) ibsetti “afwalaloon Oromoo meeshaa guddaa yaada waa’ee
jaalalaafi jibbaa, abjuufi abdii fuula duraa, uumaafi uumamaa, bareedinaafi fokkinaa, dhimma
roorroo, dhiphuufi kkf ittiin ibsachuuf oola.

Afwalaloo jaalalaa, faaruu gootummaa, afwalaloo seenaa, weedduu tiksee, faaruu


ayyaaneffannaa amantii, afwalaloo qeeqaa, faruu nama beekamaafi afwalaloo dhimma
hawaasadha (Sumner, 1996). Afwalaloowwan Oromoo: Afwalaloo dinqisiifannaa galateeffa
nnaafi afwalaloo nama tokko leellisu, afwalaloo gaddaa, afwalaloo hurursa daa’immanii,
faaruu tiksee, afwalaloo mammaaksaafi afwalaloo barbaachisummaa addaafidha (Zelalem,
2003).

2.3.3 Unkawwaan Gaggabaaboo

Qoqqooddiin kun bifa unka irratti kan hundaa’e yeroo ta’u, isaan kana keessatti adda
durummaan kan ka’an kanneen akka: mammaaksaa, hibboo, cigoofi kkf hammata. Kanas
Fedhasaan (2013: 56) “Qareeyyiin gosa afoolaa bifa gabaabinaan qindaa’ee sammuu qaruuf
fayyadudha jedha. Yaadrimeen jechichaas, wantota bifaan gabaabbatanii sammuu namaa qaran
of keessaa qaba.” jechuun kaa’eera.
12

Akka yaada kanaatti, qareeyyiin bifaan gabaabbaatanii kan dhiyaatan yoo ta’an jijjiirama amala
sammuu dhala namaarratti fiduudhaaf gaheen isaan qaban olaanaadha. Akkasumas, qalbii dhala
namaa moo’achuufi suura waan tokko sammuu dhala namaa keessatti kaasuuf humni isaan
qaban daran olaanaadha. Jechoota muraasaan ergaa bal’aa dabarsu. Gosoonni isaanis kanneen
akka: mammaaksa, hibboo, jechamafi ciigoo (Isuma, 2013). Unkawwan gaggabaaboo kana
keessas qorannoon kun mammaaksa Oromoorratti waan xiyyeeffatuuf waa’ee mammaaksa
akkataa itti aanuun haa’ilaallu.

2.4. Maalummaa Mammaaksaa

Hiikni hayyoonni adda addaa mammaaksaaf kennaa turaniifi kennaa jiran waan wal
hinfakkaanneef kana lafa kaa’uun ulfaataadha. Fakkeenyaaf Taylor (1931) akka jedhetti
maalummaa mammaaksaa hubachuun yookiin ibsuun baay’ee ulfaataa ta’uyyuu hiikni hanga
yoonaa namoota hunda walii galchu akka hinjirre ibseera.Haata’u malee mammaaksi
gooreewwaan afoolaa warreen unka gaggabaaboo qaban jalatti ramadama.Akka Misgaanuu,
(2011), ibsetti makmaaksi qabeenya uummataa umurii dheeraa qabuufi seenaa dhala namaa
keessatti labata tokkorraa gara labata biraatti daddarbaa dhufeedha.Yaanni kunis makmaaksi
umrii dhala namaa waliin kan walgitu ta’uuu agarsiisa. Mammaaksi kutaa afoolaa barreessaa
beekame kan hin qabne, dhalootaa dhalootatti gorsaaf yaada ba’eessa ta’e haasaan himu
yookaan gaaleen dabarsuuf kan tajaajiluu dha (Wiirtuu Jildii.4: 89). Karaa biraatiin, Gonfaan
(2008) waa’ee mammaaksaa yoo ibsu, mammaaksa jechuun gaalee waan haasa’amu, himaan,
himamsaan, ibsa afoolaan, ogummaa, dhugaa, onnata, muuxannoo, barnootaafi gorsa jireenya
waliin walqabataniifi dhimmoota yaadatti qabatamanii dhalootaa dhalootatti darbaniidha.

Mammaaksi Oromoo, gammachuuf gadda, shakkii, amantii, jabinaafi dadhabbii, jaalalaaf jibba
kan ibsu, addaggee kan arrabsu, balleessaatti kan ori’u, tolaa kan hojjete kan galateeffatu, gaarii
kan jaju, hamaafis tolaafis akka hojii isaatti yaadaaf gorsa kan kennu kutaa afaanii yookaan
qooqaati. Mammaaksi gabaabina isaatiin, qalbii namaa fudhachuu isaatiin, dhageettiitti toluu
isaatiin, bifaan wal fakkaachuu isaatiin, hundarrayyuu dubbii cimtuu kan ibsu ta’uu isaatiin
hawaasa Oromoo mara biratti beekamtii wal fakkaatu kan qabuudha. (Misgaanuu 2011).
13

Walumaagalatti, hiika beektonni adda addaa mammaaksaaf kennan yoo ilaalle, amaloonni
mammaaksaa kanneen akka: himoota gaggabaabootiin dubbtamuu, abbentaan ittiin waamamuu
hawaasa Oromoo mammaaksichatti dhimma bahuu ta’uu, ergaa dhugaa qabatamaa kan of
keessaa qabuufi namoonni hedduun dhugaadha jedhanii kan fudhatan akka ta’eefi aadaa,
duudhaa saba mammaaksichatti dhimma bahuu kan ibsu, gorsu, barsiisu, dhalootaa dhalootatti
kan dabarsu, kan tajaajiluufi dubbii qolaa kan fayyadamudha.

2.5. Haala Qoqqooddii Mammaaksaa

Mammaaksota gartuu adda addaatti qoqqooduun qo’achuun barbaachisaa ta’uyyuu; ulaagaan


irratti hundaa’anii qoqqoodan rakkisaadha (Sumner,1996). Kanaafuu, hayyuun kun rakkinoota
gama mammaaksa qoqqoodanii qorachuuf nama mudatan furuufis tooftaawwan garaa garaa
shan gargaarameera. Isaanis: tartiiba qubeetiin, qabiyyeefi tartiiba qubeetiin, amaloota idilee
(buusaa), qabiyyee (Ergaa) fi haala caasawaa akka ta’aniidha. Kanaafuu, Sumner (1996)
ka’umsa qoqqooddii isaa qabiyyee bu’uura godhachuun, mammaaksota akka walii galaatti
qoqqoodeera. Qabiyyeen (ergaa ijoon) mammaaksota qo’ataman sanas tartiiba qubeen kaa’ee
jira. Karaa biraatiin, Bukenyan (1994) mammaaksota qoqqooduun hojii dagatamee ture
ta’uusaa, ibseera. Haata’u malee, yaaliin qorannoo mammaaksa waliin walqabatee godhames
irra jireessan tajaajila mammaaksi akka waliigalaatti qaburratti akka xiyyeffate nikaa’a.
Kanaafuu, mammaaksota tajaajila duuchaatti qaban irratti hundaa’uun qoqqooduun ammoo,
rakkina akka qabu, Bukenyan (1994:43) yoo ibsu, “but such classification scheme should be
consistent, comprehensive, transinqual and transcendental, jedha.

Akka yaada hayyuu kanaatti, mammaaksota walitti qabuun tajaajila isaan akka waliigalatti
qaban gidduu galeessa godhachuun qo’achuun waan dhaabbataa, duuchaa, qabbanaa’aafi
muuxannoofi beekumsaa hawaasan ol ta’e agarsiisa. Kanaafuu, hayyuun kun ulaagawwan
adda addaarratti hundaa’uudhaan mammaaksota karaa gurguddaa afuritti qoqqooduun
qo’achuuf yaaleera. Isaanis: tartiiba qubee, qabiyyee (ergaa ijoo), tajaajilaafi haala
barreeffamaa keessatti tajaajilanidha. Akkasumas, Finnegan (1970) mammaaksota Afrikaa
akkaataa bifiyyee (form), qabiyyee, haala, ta’iinsa (occations) isaaniirratti hundaa’uun
qoqqooddee qo’atteetti.
14

Walumaagalatti, mammaaksota qoqqooduun xiinxaluun barbaachisaa haata’uyyuu malee,


ulaagaan mammaaksa qoqqoodanii ittiin xiinxalan haala hayyoonni hundi irratti walii galaniin
waanti oltaa’e hinjiru.

2.6 Faayidaalee Mammaaksaa

Faayidaalen mammaaksaa baay’ina jechaatiin yookaan, lakkoofsaan hammana jechuurra kan


lufedha. Faayidaan mammaaksaa akkuma hiika mammaaksaaf kennameeti. Hiikni mammaak
saa kana jechuun waan qabatamaa tokko lafa kaa’uun akkuma hin danda’amne, faayidaan
maammaaksi Oromoo hawaasichaaf qabus akka cirracha galaanaafi urjii samii kan heeddum
maatuudha. Barsiisuu, gorsuu, qajeelchuu, amansiisuu, jibbaafi jaalala, eebbaafi abaarsa
dabarsuu, dhugaa ifa baasuu, fi waan kana fakkaatu faayidaasaa keessaa isaan muraasa dha.
Mammaaksi yaada bala’aafi bilchaataa ta’e tokko hima gabaabaan yookaan gaaleedhaan
cuunfee dabarsuun tajaajila hawaasa walii galchuu kan raawwatu dha.

Finnegaan (1970:415) faayidaa mammaaksaa akkana jechuun ibsiti, afaan mammaaksaan


alatti jiraachuu danda’a. Ta’us garuu akka lafee foon maleefi qaama lubbuu malee jiraatuuti
jechuu dha. Kanaafuu, mammaaksi waa’ee hawaasa tokkoo aadaa, amantii, muuxannoo,
falaasama, jiruuf jireenya, dandeettii dubbiifi kan kana fakkaatu kan ibsu yoo ta’u, akkasumas
yeroo baay’ee hima walaloo fakkaataniin kan dubbifamu, dandeettii dubbii afaaniifi bilchinni
sammuu baay’inaan kan keessatti calaqqisu qaama afoolaa ti (Wiirtuu Jildii-5, 1992 ).

Mammaaksi dubbii bal’aa gabaabsuuf qofa osoo hin taane dubbii mi’eessuufis ni fayyada.
Mammaaksi Oromoo ‘Ittoon soogidda hin qabneefi dubbiin mammaaksa hin qabne hin
mi’aawu.” Jedhu. Haawaasichumaan kan mammaakamuufi faayidaa mammaaksi dubbii
mi’eessuuf qabu irra caalmaatti kan ibsuu dha. Bukenyaan (1994) faayidaa mammaaksaa
akka armaan gadiitti kaa’eera. “Mammaaksi dubbii miidhagsuun, dubbiin dubbatamu gurra
namaatti tolee osoo hin nuffisiisiiniifi hin mufachiisiin ergaa barbaadame dabarsuuf
gargaara, Kana malees, Dubbii ibsuuf nifayyada.” Kunis muuxannoo namoonni bara
dheeraadhaaf qaban gaddas ta’ee gammachuu, hadhaa’aas ta’e mi’aawaa, ibsuufi calaqqisiisu
uf gahee olaanaa qaba. Gabaabumatti, mammaaksonni jiruufi jireenya hawaasa tokkoo
15

keessatti haala dhuftee seenaa, mudannoo, muuxannoo, falaasama, beekumsa, gufuufi gufata
hawaasa tokkoo haala hubatamuu danda’uun ibsuuf humna guddaa of keessaa qaba.

Mammaaksa “Aak jedhanii waa tufan, mammaakan waa himan.” Jedhu yoo ilaalle mammaa
ksi dubbii eegaluuf tajaajiluusaa argina. Namni ‘aak’ jedhu waa tufuuf akka ta’e ‘aak’ jedhee
kan beeku ni hubata. Jalqaba dubbii tokkootti namni haasa’u tokko mammaaksa kan
mammaaku yoo ta’e, itti fufuun haasaa ba’eessaafi gurra namaa harkisu kan dubbatu ta’uusaa
nama hubachiisa. Maammaksi akkuma dubbii fiduuf tajaajiluu dubbii fixuuf illeen haalaan
tajaajila. Kana yoo jedhamu, adeemsa waliin dubbii hawaasaa keessatti haasaan dubbiin
dheeratee goolaba dhabuun dhaggeeffattoota yommuu nuffisiisu, mammaaksatti fayydamuun
dubbii isaanii goolabuun kan goolabatanii dha.

Mammaaksi dubbii fixuuf ni gargaara. kunis muuxannoo hawaasaa dhugaa qabatamaas ta’e,
fakkoommii isaa walitti qabuun gabaabsanii dhiyeessuun namoonni salphaatti yaadicha akka
hubatan nitaasisa. Dubbiin namootaa yeroo baay’ee mammaaksaan guduunfama. Kunis, kan
ta’u mammaaksi mammaakamu sun yaada duraan sa’aatii dheeraaf fudhatanii irratti
dubbachaa, haasa’aa, marii’achaa, turan walitti qabuun cuunfee dhiyeessee akka salphaatti
hubatamu taasisa. Dhimma kanas, Oromoon, “Mammaaksi lamuma: tokko dubbii fida, tokko
dubbii fixa,” jechuun kan mammaakudha. Dabalees, “ Dubbiin baay’ateef harreetti hin fe’an.”
Faayidaa mammaaksi haasawaa dheeraa gabaabsuuf qabu agarsiisa.

Gama biraatiin Bukenya (1994) faayidaa mammaaksaa akka ibsetti, safuu eegsisuuf
mammaaksi kan fayyadu ta’uu isaa lafa kaa’a. Sabni tokko duudhaa mataa isaa niqaba.Kanaa
fuu, aadaa, amantaafi barsiifata itti jiraatu, kana dhalootaa gara dhalootaatti darbee hojiirra
akka oolu barbaada. Wanta Oromoon itti gammadu kana kan cabse, kan dabse, kan hanqiseefi
safuu kan wallaale ammoo, hawaasni Oromoo maal jedhuu hinbeeku yookiin hinbeektu
jechuun qeeqa; dheekkama; gorsa; barsiisa. Mala hawaasni tokko safuu isaa eegsisuuf,
duudhaasaa gabbifachuufi kabachiisachuuf dhimma itti ba’u keessaa inni tokko
ammoo, mammaaksa. Kanaafuu, duudhaafi seenaa haawaasaa ijoollee hawaasichaafi hawaas
a ittiin eegsisuuf, jaalalaafi kabaja namootaaf qabu; shaakala, naamuusa hawaasni mammaak
sichatti tajaajilamu namootarratti arguu hinfeene kan ittiin qeeqee, akeekkachiisee, jajjabeess
ee, walumaagalatti, gorsee deebisuuf gargaaramuudha. Siyaasa biyya tokkoo ittiin deeggaruu
16

f yookiin mormuuf: hawaasni kamiyyuu jalqaba bara jireenya isaatii kaasee sirna ittiin walbu
lchaa ture; siyaasa dhuunfaasaa kan ta’e niqabaata. Fakkeenyaaf, Sirni Gadaa sirna Oromoon
dhalootaa gara dhalootaatti walharkaa fuudhaa yeroo kanaan walgaheedha. Har’as yoo ta’e,
maddi seera bulmaataa hawaasaa aadaa sabichaa waan ta’eefi aadaan uummatichaa ammoo,
mammaaksa hawaasichaa keessatti waan calaqqisuuf manguddoonni biyyaa, sirna ittiin
bulmaataa keessatti mammaaksatti dhimma bahu. Seerri sabni tokko ittiin bulus, utuu aadaa
sabichaa gidduu galeessa godhate, uummanni qooda balaaleffannaa, mararfannaa, qooda
mormuu immoo, deeggaraa ta’a. Kun ammoo, kan inni mul’isu hawaasni tokko afoolasaatti
fayyadamuun siyaasa isaa gaggeeffachuu, siyaasa biraa ammoo mormuufi deeggaruu
danda’uu isaati.

Dabalataanis, namoonni siyaasaafi jijjiirama bulchinsa biyya tokkoo gaggeessan namoota


amansiisuun kaayyoo siyaasa isaanii bakkaan ga’uuf mammaaksatti dhimma bahu. Kanaafuu,
hayyuuleen siyaasaa kanneen akka: Abraham Lincoln, Adolf Hitleriifi Wiston
Churchill fa’aa mammaaksa akka meeshaa durumaan qophaa’ee harka isaanii jiruutti fayyad
amuun ergaa siyaasaa qaban ittiin dabarfachuufis ta’e, ilaalcha uummataa jijjiiruuf itti
gargaaramaa turaniiru. Barnoota Afaanii Keessatti: gama biraatiin mammaaksi akaakuu
afoolaa keessaa warra hundarra gabaabaafi amala dhaabbataa ta’e qabaachuun beekaman
keessatti ramadama. Kanaafuu, mammaaksi akaakuu afoolaa keessaa gooree hedduu
jaallatamuudha. Kanarraan kan ka’e haasaan hawaasa Oromoo mammaaksaan yoo
deeggarame jaallatama. Nama dubbiisaa mammaaksaan akka gaariitti mi’eessee dubbatus,
“Abalu haasaa beeka,” jedhu.

Mammaaksi yaada dheeraa ta’e tokko gabaabsee dhiyeessuun beekama. Yaada dheeraa
gabaabsee dhiyeessa yeroo jedhamu, yaadicha keessaa kutee hambisa jechuu osoo hintaane,
yaada duraan ibsame sana walitti qabuun ergaa barbaadame sana osoo keessaa hin hambisiin
dabarsuuf jechoota garaa garaa ni filata jechuudha. Kanaafuu, dubbii afaanii keessattis ta’ee,
barreeffama keessatti jechoota filatanii dhimma itti ba’uun dandeettiifi ga’uumsa qaama
dubbatuu yookiin barreessu sanaarratti hundaa’a. Namni dandeettii akkasii qabu dandeettii
afaanii qaba jedhama. Oromoonis, nama mammaaksa danda’uun, dubbii nidanda’a; jechuun
barbaachisummaafi walitti dhufeenya dandeettii mammaaksaafi dandeettii afaanii gidduu jiru
ni cimsa.
17

Mammaaksonni guddina afaaniif baay’ee barbaachisoofi faayidaa qabeeyyii akka ta’an


qorattuu afoolaa kan taate, Finnegan (1970: 415) yoo ibsitu, mammaaksi afoola keessatti
bu’uura guddaa ta’uu isaarraan kan ka’e, afaan mammaaksa malee akka lafee foon ofirraa
hinqabneefi qaama lubbuu of keessaa hinqabneetti akka fudhatamu ibsite. Akkasumas, aadaa
uummata Afrikaa keessatti dandeettii afaanii yaada walxaxaa ta’e, tokkoof waan qabatamaa
ta’een bakka buusanii fak-sammuu isaa uumuun akka salphaatti akka hubatamu gochuuniifi
jechoota ta’an filachuun mammaaksa irraa akka maddu Finnegan (1970: 390 ) yoo ibsitu,
“The figurative quality of proverbs is especially striking; one of their most noticeable
characteristics is their illusive wording usually in metaphorical form,” jetti. Kun ammoo,
dubbii qolaatti qulqullinaan gargaramuuf ga’umsa mammaaksi qabu agarsiisa.

Dimishaashumatti, afaan meeshaa aadaan hawaasa tokkoo ittiin ibsamudha. Mammaaksi,


meeshaa afaanitti fayyadamuun aadaan, duudhaan, safuuniifi beekumsi hawaasa Oromoo
dhalootaa gara dhalootaatti ittiin lufu akka ta’e nibeekama.

2.7 Amaloota Mammaaksaa

Mammaaksi damee ogafaanii keessaa isa tokko ta’ee amala ittiin beekamu heeddu qaba.
Amaloota mammaaksaa keessaa muraasni isaani kan armaan gaditi.

2.7.1. Ummatummaa

Amala mammaaksaa keessaa ummatummaan isa tokko yoo ta’u abbummaan yookiin
qabeenyummaan isaa kan ummataati. Kanaafuu yaada bal’aa ta’e tokko himaa gabaabaafi
hawwataa ta’an yoomessa murtaawaa keessatti dhimmoota dhugummaa qaban kan
dhiyeessuudha (Tafarii, 2001). Yaada kana irraa wanti hubatamu, dhimmoonnii dhugummaa
qaban kun ammoo kan uummataati. Uummanni dhimma isaani mammaaku. Mammaaksi
dubbii isaanii keessaa hin dhibu. Mi'eessitu dubbii isaaniti. Ergaan mammaaksi isaanii
qabeenya isaaniti. Abbaan mammksaa uummatuma itti fayyadamu sana kan jedhameefis
kanumaaf.
18

2.7.2. Lufummaa

Mammaaksi kan jaarraa yookiin bara murtaa’e keessatti qofa fayyadee kan dhaabbatu osoo
hin taane dhalootarraa dhalootatti kan darbaa turee fi ammas kan darbaa jiruudha. Gaaddisaa
(1991) Yaani hayyuu kanaa mammaaksi kan bara durii yookaan jaarraa darbe keessatti qofa
mammaakamee kan dhaabbatu osoo hin taane amala dhaloota durii irra gara dhaloota ammaatti
barreeffamaan osoo hin taane afaaniin dhaloonni walharkaa fudhachaa kan as gahe ta’u isaa
agarsiisa. Mammaaksi amala lufummaa qaba kan jedhameefis dhaloonni bara tokko keessa
jiru itti fayyadame yookiin mammaakee kan dhaabbatu osoo hin taane labata tokko irraa gara
biraatti kan darbu ta’uu isaa agarsiisa.

2.7.3. Yoomessa Baldhaa Qabaachuu

Gosoota afoolaa kanneen biroo irraa mammaaksa wantoota adda godhan keessaa tokko
yoomessa kamuu keessatti dhimma itti bahuuf mijaawaa ta’uu isaati. Kana jechuun
mammaaksi haalawa qabatamaa keessttii akka dhimma itti bahamu agarsisuudhaaf.
Mammaaksi dhimmaafi yeroo barbaachisaa keessatti kan itti fayyadamaniidha. Fakkeenyaaf,
bakka jaarsummaan gaggeeffamutti, bakka cidhaatti, bakka gaddaatti,bakka gammachuun
jiruufi kan kana fakkaatan irratti nimammaakama. Mammaaksatti dhimma bahuuf waanti
nama daangessuu kan hin jirre ta’uu isaatiifi bakka mammaaksi barbaachisu hundatti dhimma
itti bahuun kan danda’amu ta’uu isaa hubanna.

Sahilun (2002:43) haala mammaaksi ittiin dhiyaatu ilaalchisee yemmuu ibsu, "The
performance of proverb is not restricted by time and place ,” jedha. Yaada kanarraa waanti
hubannu faayidaan mammaaksaa yeroo fi bakkaan kan daanga’e miti. Yeruma barbaadan
dhimma itti ba'uu danda'u. Kana jechuun dhimmi mammaaksi itti mammaakamu yoo jiraate
mammaaksatti dhimma bahuun akka danda’amu addeessa. Ben Amos (1975:192)
durduriifihibboon yoomessa murtaawaa keessatti yoo himaman, yoomessi mammaaksaa garuu
haalawa akka ta’e dubbata. Kana Jechuun osoo hibboo fudhanne, yoomessi isa daanga’aa
yookiin murtaawaa kan ta’eefi hibboon galgala galgala abidda marsani taa’uun taphatama.
Mammaaksi immoo haalawa kan jedhameef bakka barbaachisaa ta’etti yookiin bakka dhimmi
jiru hundatti itti fayyadamuun akka danda’amu ibsa.
19

Walumaagalatti, mammaaksi amaloota ittiin beekamu qabaachuun isaa dameewwan afoolaa


kaan irraa adda isa godha. Gama biraatiin mammaaksi sagalee walfakkaatuun jalqabamuu
isaatii kun immoo mammaakamuuf mijaawaafi salphaa akka ta’u taasisa. Fakkeenyaaf,
"hammaaranis, hammaatanis inuma dhumata" Inni biro mammaaksi sagalee walfakkaatuun
xumuramuun isaas ni mul’ata. Amalli kun mammaaksi sun akka rukuttaa manaa qabaatu
taasisa. Kun ta’uun isaa mammaaksi mammaakamu sun salphaatti akka jedhamuu fi sammuu
namaa keessaa akka hin banne ni taasisa. Fakkeenyaaf, “Takka wallaaluun namummaa lama
wallaaluun gadhummaa” Mammaaksa kana keessatti jechoonni namummaa fi gadhummaa
jedhan sagalee walfakkaatuun golobaman.

2.8 Qabiyyee Mammaaksaa

Namni kan mammaaku dubbii isaa kan gabbisu yookaan ibsu yoo itti fakkaatee dha.
Mammaaksichis yaada kan gabbisu buusaa yookaan caaseffama jechootaatiin osoo hin taane
yaada jechoonni ibsaniin qabiyyeenis yaada jechoonni kun qaban yookaan ibsaniidha.
Kanaafuu, qabiyyeen mammaaksaa ergaa mammaaksichi dabarsu jechuudha (Wiirtuu Jildii
4,1991:101).Hubannaa mammaaksaatiif dhageettii qofaan gahaa miti. Qabannisaas
mammaaksi tokko ergaawwan garaa garaa lama dabarsuu waan danda’uuf kamiif akka
mammaakame beekuun nama rakkisa. Yaada kana ilaalchisee Finnegan (1970:399) akkana
jetti, Acknowldge of the situation in which proverbs are critical may be an essential part of
understanding their implications and this is complicated further by the fact that the same
proverb may be used, accounting to the context to suggest a variety of different truth, or
different facts as the same truth, or even its opposite. Some proverbs further more, are obscure
even to locate individuals or groups. Jechuudhaan mammaaksi galumsa adda adaa keessatti
kan tajaajiluufi akkaataa dubbii dubbatamuu irratti kan hundaa’uudha.

Haaluma wal fakkaatuun, hayyuun kun waa’ee qabiyyee mammaaksaa ilaalchistee, mammaa
ksi tokko maal jechuuf akka mammaakame beekuuf haala haasaa keessa jiranii beekuu
barbaachisa jechuun lafa keessi. Qabiyyee mammaaksaa akka gaariitti hubachuufi beekuuf
aadaa hawaasichaa gadi fageenyaan beekuun barbaachisaadha. Mammaaksi hawaasaan
mammaakamu qabiyyee mataasaa niqaba. Waa’een qabiyyee mammaaksaa yommuu ka’u,
20

waanti hindagatamne tokko waa’ee amala mammaaksaati. Innis, uumamni mammaaksaa,


uumama afaaniirraa waan adda ta’uu hindandeenyeef, afaan hunda keessattuu beekamaadha.

Kanaafuu, waa’ee qabiyyee Mammaaksota Afrikaa ilaalchisuun, Finnegan (1970:392)


waa’ee mammaaksaa yoo ibsitu, hiikni dhaamsi mammaaksa tokkoo haala keessatti mamma
akameen aadaafi duudhaa hawaasichaarratti hundaa’uuniifi kaayyoo mammaakame sanaan
walqabatee hiika waan aragatuuf qabiyyee Mammaaksota Afriikaa guutummaa guututti
kaa’uu hindanda’amne. Sababni isaas mammaaksonni Afrikaa baay’een waantota adda
addaan haguugamanii dhaamsa haala dubbataman keessatti ergaa bilchaataa waan dabarsanii
fidha.

Waantonni isaan ittiin haguugamanis, bineensa, akka hamaatti fakkeessanii, akka taphaatti
fakkeessanii, akka waan biyyaatti fakkeessanii, akkasumas, sinbirroo, ilbiisa, hantuuta, tuqaa,
keessummaa, waraana, lola, qawwee, fi waan kana fakkaatuun haguugamanii waan
mammaakaniif qabiyyee mammaaksichaa haala keessatti mammakamerraan ala hubachuun
rakkisaa akka ta’edha. Kana jechuun ammoo, mammaaksi haalaafi kaayyoo mammaakameef
irratti hundaa’ee hiika garaagaraa qabaachuusaa agarsiisa.

Jiruuf jireenya saba tokkoo ibsuuf mammaaksi iddoo olaanaa qaba.Dhugaan kun hawaasa
Oromootiifis dhugaadha. Yaada kana Soofiyaan (1999:7) yoo ibsitu, Mammaaksi Ummata
Oromoof waanhunda jette. Mammaaksi yemmuu himamu fakkeenyummaan isaa, qabiyyee
haasaa yookiin kaayyoo dubbii sanaa waliin walsimuun ergaa bal’aa, dheeraafi gadfagoo
dabarsuu qaba. Qabiyyeen mammaaksaa hawaasa kamiinuu biratti dhaabbataadha jechuun
hindanda’amu. (Malkaamuu, 2007). Hanguma feetellee hawaasni kaayyoo tokko qabaatuyyu
u latiinsi mammaaksaa afaanirratti hundaa’uun isaa garaa garummaa qabiyyeef sababa ta’uu
danda’a. Finnegan (1970) akka ibsitetti, mammaaksi tokko kan mammaakamu finaafi haala
tokko irratti ta’uun isaa jijjiirama qabiyyeetiif sababa jettee keessi. Finnegan (1970: 393 )
mammaaksi haalawwaan keessatti mammaakaman qabaachuusaafi ergaan dabarsus
qabiyyeesaa guutuu taasisuu akka qabu ibsiti. Taarikuu Bantii (2008) , qabiyyeewwaan
mammaksa Oromoo qoqqoodeera. Haata’umalee, Qabiyyeewwan mammaaksaa hedduu
ta’anis muraasni: tuffii, gootummaa, arjummaa, doqnummaa, doofummaa, haqa, hiree, jibba,
gamnummaa, gowwummaa, dhugaa, firooma, obsa, wallaalummaa, diinummaa, hiriyummaa
21

fi kana kan fakkaatu kaasuun nidanda’ama. Armaan gaditti qabiyyeewwan kanneen keessaa
muraasa kaasanii ibsuun ni danda’ama.

2.8.1 Arjummaafi Doqnummaa

Ummanni Oromoo kan qabu walumaan qooddatee itti fayyadamuurratti baay’ee beekamaadh
a. Kanaaf, mammaaksota hedduu arjummaa agarsiisaniin fayyadamee mammaaka. Doqnum
maa balaaleffachuufis mammaaksatti fayyadama. “Doqna harkatu kirkira” yoo jedhu, doqni
waa namaaf kennuu akka hinjaalanne agarsiisuuf mammaakama. Arjummaan daangaa darbees
barbaachisaa akkaa hintaane yoo ibsu, “Arjaan obboleettii obbeleessaaf ulfoofti” jechuun
mammaaka.

2.8.2 Obsaafi Ariifannaa

Mammaaksonni jarjaaruun barbaachisaa akka hintaane ibsan hedduutu jira. Mammaaksonni


“Afaan jarjaraa maqaa abbiyyuu dhaha”, “Jarjaraan re’ee hinhoru”, “Jarjaraniif abbaa dura
hindhalatan” jedhamanii mammakaman kunniin ariitiin gaarii akka hintaane agarsiisu.
Ummatni Oromoo safuu mataasaa qaba. Kanaaf, maqaa abbaayyuu hin waamu. Garuu, namni
tasgabbii hiqabne akka maqaa abbaayyuu maqaa dhahuu danda’u mammakasaan ibsa,
kunis saalfii ta’uusaa agarsiisa. Re’een ofiisheeyyuu daftee dhalti. Garuu, namni ariifatummo
o, ishuma daftee dhaluu dandeessuyyuu turte jedhee waan yaaduufi horuu akka hindandeeny
e mammaaksaan ibsa. Hanga fedhe ilmi yoo ariifatees abbaa isa dhalchu dura dhalachuu akka
hindadeenye qeequun mammaaksaan walgorfata. Gama biroon ammoo, “Obsaan aannan
goromsaa dhuga”, “Obsan malee barri hin darbu” jedhanii mammakuun namni turee eeggatu
homaa dhabuu akka hindandeenye ibsu.

2.8.3 Gowwummaafi Gamnummaa

Ummanni Oromoo mammaaksaan mammaakee gowwummaa balaaleffataa gamnummaa


leellisa. Fakkeenyaaf, “Balbala gowwaatii hordaa muratu” yoo jedhu gowwaan qabeenya isaa
yookiin dhaala isaaf akka falmachuu hindandeenye ibsuuf mammaakama. “Gowwaa
kofalchiisaniit ilkaansaa lakkaahu” yoo jedhemmoo, osoo inni callisee waan tokko ilaaluun
yookiin hordofuu waan barbaadan rawwachuu akka danda’amu agarsiisuuf mammaakama.
22

Gama biraatiin ammoo, “ Iji gamnaa dursee booha” yeroo jedhan gamni osoo ofirratti
hinbeeksisiin waan barbaadu gochuuf dursee mala dhahachuusaa agarsiisa.

2.8.4 Duudhaa, Safuu Eegsisuuf


Misgaanuu (2011:48) akka jedhutti,Mammaaksi yaadota hima gaggabaabootiin dhugaa
beekamaafi fudhatama qabeessa bu’uureffachuun gammachuufi gadda, amantaafi shakkii,
jabinaafi laafina, jaalalaafi jibba, gowwummafi abshaalummaa,kkf ibsuuf,kan yakketti
dheekkamuuf,safu hinbeekne qeequuf,qajeelinaafi gaarummaa jajuuf,
galateeffachuuf,jajjabeessuuf,kan waldhabe walitti fiduuf,haala adda addaa keessatti sabni akka
aadaa isaatti itti taajajilamuuf kan ooluufi dhaabbatudha.

Austin(1994:47)) akka ibsutti, sabni tokko aadaa,duudhaafi safuu mataa isaa niqaba. Hawaasa
tokko keessatti immoo dhimmoonni kun yoo kabajamuu dhaban yookiin caban mala ittiin
kabachiisanii dhalootaa gara dhalootatti ittiin dabarsan keessaa tokko mammaaksa. Kana
jechuun kan balleesse ittiin qajeelchuuf, gorsuufi jajjabeessuuf kan kana fakkaataniif
mammaaksatti dhimma baha. Kanas mammaaksota gorsuuf, qeequuf,jajjabeessuuf dhimmoota
kana fakkaataniif oolan gargaaramuudhaan, faayidaa mammaaksi kennu keessaa, duudhaa,
safuu eegsisuu akka ta’e ibsa.

Mammaaksi duudhafi safuu eegsisuuf taajila erga ta’e, mammaaksonni hamilee dubartootaa
tuqanii mammaakamandhiibbaa inni qabu adda baasuuf qorannichi gaggeeffamuuf jira.

2.8.5 Guddina Afaaniif

Faayidaan mammaaksaa inni biroon mallattoo afaanii beekuti. Kunis namni mammaaksatti
dandeetti guddaa qabu, gadifageenyaan beekumsa afaanii qaba. Namni mammaaksa beekuun
dubbii beeka kan jedhamus beekumsi mammaaksi mallattoo dandeettii afaanii ta’uu isaa waan
agarsiisuuf. Okopewho (1992) “ proverb is a result of the skillful use of language. We should
be able to moniter the art of the using as wall as the philophical paint that is made” jechuun
namni mammaaksatti fayyadamu hagam afaanichatti bilchaataa ta’uu isaa ibsa. Keessumaayyuu
namoota barnoota ammayyaa hinarganne biratti akkaataan aadaafi duudhaa dhalootaa
dhalootatti ittiin dabarsan keessaa mammaaksi tokkodha.
23

Fedhasaan(2013:570) mammaaksi haala jiruufi jireenya hawaasaa karaa hinyaadamneen


mii’eessee dhiyeessuun yaada namaa hawwata. Kana irraa kan ka’e afaaniifi ogbarruu barsiisuu
keessatti baay’ee fayyada. Keessumaa walaloo barreessuuf raacatii ta’ee tajaajila jechuun.
Biraanuu wabeeffachuun faayidaa mammaaksaa ibsa.Yaanni kunis, mammaaksi haala jiruufi
jireenya hawaasa karaa addaan yookiin tooftaa garaa garaan salphisee haala ifa ta’een akka ibsu
danda’udha.

Misgaanuu (201:198) akka ibsutti, ogafaan kuusaa beekumsaafi odeeffannoo ilaalcha falaasama
walii gala uummatichaati. Keessattu, kanneen bifa mammaaksaatiin ibsaman yaadafi ogummaa
sabichaa ulfaataafi bilchaataa ta’e waan of keessaa qabaniif, barnoota kennuurratti ga’ee olaanaa
qabu.

Abarraafi Gaaddisaan (1990:54) akka ibsanitti,mammaaksi guddina afaaniif qooda mammaaksi


taphachuu danda’u gaaffii hinqabu. Namni dandeettii mammaaksatti fayyadamuu qabu tokko
dandeettii afaanitti fayyadamuus niqaba. Yaanni kunis, namoonni dubbiisaa mammaaksaan
mi’eessee dubbachuu jaallatuufi danda’uun “abalu haasaa beeka,”jedhu. Kanuma irra ka’uun
beekumsi mammaaksaa dandeettii afaanii illee akka dabalatu nimul’isa. Yaaduma wal
fakkatuun Bukenyaa (1994:85) akka ibsutti, “Each genre of oral literature has apart to play in
the education of particular society” Kunis ogafaan barnoota keessatti hawaasa barsiisuuf gahee
guddaa akka qabudha.

Kunis ta’uu kan danda’u namni afoola uummata isaa keessaa mammaaksa dhaga’ee hubate
tokko waa’ee barnoota ammayyaa keessatti ittiin barachuun dandeettii afoolaa isaa
fooyeffachuufi cimsachuu nidanda’a jechuudha.

2.8.6 Tuffiifi Kabaja

Oromoon kabaja namaaf qaba.Nama kabaja isaa hineegnes waan jedhee mammakee tuffii isaa
ittiin agarsiisu mammaaksa hedduu qaba. “Kabajaafi ulfina abbaatu ofjala buta”,
“Ulfinni manaa jalqaba jedhe abbaan Jifaar” mammaksonni jedhaman ofkabajuun abbumasaar
raa akka eegalu qaban agarsiisu. Kanaaf, kabajni barbaachisaa ta’uusaafi abbaasaarraa kan
eegalu ta’uusaa “Sa’a abbaan gaanfa cabse ormi ija balleessa” jechuun ibsu. “Kan harree
hinqabne fardaan oshee jetti” mammaaksi jedhummoo ofiifuu akka homaa hinqabne agarsiisuuf
mammaakama.Kun ammoo, tuffii ibsa.“Nama tuffatan saree jalatti dhaanu” jechuun tuffii
24

namaaf qaban mammaaksaan agarsiisu.“Titiisni baay’atteef qadaada hin buqqistu”, “Sareen


maal qabdii udaan qabbaneeffatti” jechuun mammaakanii namoota tuffachuusaanii agarsiisu.

Akka walii galaatti mammaaksi qabiyyee isaa kanaan cal jedhamee bakkuma argetti kan
mammaakamu osoo hin taane, yoomessa mataasaa keessatti kan raawwatamuudha. Ummanni
Oromoos bakka, yeroofi haala ilaaluun mammaaksaan yaada, jiruufi jireenyasaa, falaasama,
aadaafi seenaa bal’aa tokko gabaabsee akkasumas, cuunfee mi’eessee kan ergaa ittiin
dabarfatudha. Waan kana ta’eef, mammaaksi tasa hin mammaakamu; ergaan isaa miira
dhaggeeffataa waan hawwatuuf amansiisuuf humna qaba, itti fayadamnisaas ta’ee hubannoon
isaa muxannoofi bilchina barbaada. Haaluma kanaan, Finnegan, (1970: 402) mammaaksi
hawaasa keessatti tajaajila miidhagina dubbiitiif iddoo guddaa qabaachuu dubbatti. Kanaaf
Oromoon “Mammaaksi koobaa dubbiiti” kan jedhu. Mammaaksi beekumsa hawaasaa kan ittiin
calaqqisiisuuf humna qaba.

2.8.7 Gorsaa

Qabiyyeewwan mammaaksaa keessaa tokko gorsuu fi qeequudha. Gorsi dhimmaa jiruufi


jireenyaa dhala namaa keessatti gochoota namoonni dalaganiin walqabatee dhimmoota
namoonni irratti, wal-qeeqaa, wal-jajjabeessaa, wal-ifachaa, wal-tumsaa gara dandii jireenyaa
sirri ta’eetti walgeessanidha. Maalummaa gorsa ilaalchisee, kitaaba (Oxford Dictionary
2010:25) jedhurratti, “Advice is aguidance or recommendations offerd with regard to prudent
action,” jedha. Kun ammoo, ‘gorsa’ jechuun qajeelcha yookaan deeggarsa dhimma tokkorratti
kallatti itti godhanii namaaf kennan ta’uusaa agarsiisa. Akkasumas, ‘gorsa’ jechuun yaada
miseensa garee hawaasaa birattifi akka aadaa hawaasichaatti fudhatama qaburraatti
xiyyeeffachuun miseensi hawaasichaa: gama hawaasummaan, siyaasaan, diinagdeeniifi
eenyummaa isaaniitiin karaa walfakkaataarra akka deeman gochuudha. Dabalataanis, namoota
wallaalaan daandiirraa maqaan daandiitti deebisuu, kan daandii sirriirra jiran ammoo caalatti
akka ciman jajjabeessuudha. Kanaafuu, nama karaa namummaarra maqe deebisanii ijaaruus
ta’e, nama hojii dhaloota boonsisu hojjeteen, caalatti akka hojjetuuf miseensa hawaasichaa
keessa namoonni muuxannoofi beekumsa qabanitti gargaaramuun gara daandii qajeelaafi sirrii
ta’eetti akka deebi’an taasisuun, ‘gorsa’ jedhama. Walumaagalatti, ‘walgorsuu’ jechuun: wal-
25

deebisuu, wal-ijaaruu, wal-cimsuu, wal-ifachuu, wal-qaruu, walqeequufi daandii hawaasni


hinfeenerraa waldeebisanii gara waan fedha hawaasni barbaaduutti waldeebisuudha

Dhalli namaa addunyaa kanarratti, bineelda hawaasummaan jiraatu keessaa isa tokkodha.
Jireenya hawaasummaa kana yeroo gaggeessan ammoo, hamaafi gaarii, gaddaafi gammachuu,
argachuufi dhabuu, jibbaafi jaalala, injifachuufi injifatamuu, beekuufi wallaaluufi kan kana
fakkaatan isaan mudachaa oola. Haalawwan jiruufi jireenya akkanaa keessatti dhuunfaattis ta’e
akka garee hawaasaatti wallaalaafi dhibaa’ummaa irraan kan ka’e, namoonni gochawaan
namummaa namarraa mulqisiisan keessa warra jiraatan nijiru. Isaan kun akka isaan gochoota
akkanaa kana dhiisanii gochaalee namummaa namaa mirkaneessan irratti hirmachuun
hawaasaaf gumaacha goosisan caalaatti hojjetanii akka milkaa’aniif, miseensota hawaasichaa
keessaa namoonni umriin fi muuxannoon bilchaatan: mammaaksatti gargaaramuun gocha nama
tokkoo yookaan garee hawaasa tokkoo: qeeqaa, qajeelchaa, deeggaraafi karaa itti agarsiisaa,
akkaataa hawaasichi barbaabaadutti miseensi hawaasaa gama diinagdee, siyaasaa,
hawaasummaa, eenyummaafi kan kana fakkaatan kaayyoofi hubannaa walfakkaatu akka
qabaatu taasisu.

Oromoon mammaaksa gargaaramuun gorsa namaaf kennamu karaa lamaan ilaala. Isaanis: gorsa
hi’entaafi gorsa eeyyantaati. Gorsi namaaf kennamu hunduu gorsa eeyyantaa ta’uu dhiisuu
nidnda’a. Kana jechuun ammoo, faallaa gorsa eeyyantaa gorsi hi’entaas jiraachuusaa agarsiisa.

2.9 Bifiyyee Mammaaksaa

Bifiyyeen mammaaksaa haala mammaaksi aadaa, duudhaa, faalasamaafi eenyummaa hawaasa


tokko agarsiisu keessatti bifa ittiin dhiyaatuun walqabata. Kun ammoo, mammaaksi
muuxannoofi bekumsa hawaasa duriifi ammaa ta’ee, akkaataan hawaasichi itti garagaraa bifa
akkamiin akkata’e duukaa bu’uun ilaaluurratti xiyyeeffata. Bifiyyee mamaaksa Afrikaa
ilaalchisuun hayyuun, Finnegan (1970) haala armaan gadiin xiinxalteetti. Isaanis:

Bifa Himaa: Mammaaksi bifni ittiin beekamu inni jalqabaa yaada gabaabaa ergaa bal’aa
yookaan gadifagoo ta’e dabarsuu danda’uusaatiini. Yaada kana, Finnegan (1970:383) yoo
ibsitu, bifni mammaaksi ittiin dhiyaatu keessa tokko bifa gabaabina qabuun yoo ta’u, dhaamsi
jecha sana keessa jiru garuu jechoota baay’inni saanii daangaa hinqabneen kan ibsamuu
26

ta’uusaati. Akkasumas, dhaamsi jechoota mammaaksa keessa jiranii akkaataa haala kaayyoo
hawaasa mammaaksichatti fayyadamuun hiika argata.

Bifa Walaloo(Poetic form): bifni mammaaksonni Afrikaa qaban keessaa inni biraan amala
afwalalummaa qabachuu isaati. Kanaafuu, Finnegaan (1970:384) waa’ee kanaa yoo ibsitu,
Mammaaksonni Afrikaa baay’een bifa walaloo kan qabaatan yoo ta’an; bifa Afwalaloo kana
gonfachuun dhiyaachun isaanii ammoo, dubbii qolaan gabbatanii ibsamuun haasawa nuti
guyyaa guyyaan taasisaa ollurraa akka addaan bahan saan taasisa. Kanaafuu, mammaaksonni
bifa afwalalummaa qabaachuun isaaniirraan kan ka’e, mammaaksi amala addaa akka qabaatu
isa gochuu isaa, ilaachisuun, Finnegan (1970:384) yoo ibsitu: bifni Mammaaksonni Afrikaa
ittiin dhiyaatan kanneen akka: dhaamsa kallattiin, himamsa bifa ogbarruu of keessaa qabuun
bifa mala dubbiiakkasaan, ideessaa garaagaraan (yeroo baay’ee bineensotatti kan dhimma bahu
yoo ta’u; yeroo tokko tokko garuu, haala adda addan kan dhiyaatu ta’uu, bifamala
dubbiiukukkubseeniifi bifa mala dubbii anyarseenfi waan kana fakkaatan akka ta’e ibsiteetti.

Karaa biraatiin mammaaksonni Afriika bifa kanaan kan mul’atan yoo ta’anis, guutummaa
guutuutti bifiyyee walfakkaatu hinqabaatu. Kana walqabsiistee Finnegan (1970:388) yoo ibsitu,
“There are no general rules for the formation of Bantu proverbs and particular peoples have
their own favourite forms, but certain common patterns are apparent,” jetti. Waanti yaada
kanarraa hubatamus, bifni mammaaksotni Afrikaa itti taa’an akka waliigalaatti seera
walfakkaata kan qabu osoo hintaane, hawaasni kamiyyuu bifiyyee mammaaksa ittiin ijaarrate
kan mataasaa qabaachuusaa argina. Haata’u malee, akka mammaaksa hawaasa Baantuurraa
hubatamutti mammaaksota Afrikaa waanti bifiyyee isaa walfakkeessu nijira. Innis, yaada
gabaabaa dhaamsa bal’aa qabuufi qusannoo jechoota (pithiness and economy of words)
qabachuu isaati.

Walumaagalatti, bifiyyeen maammaaksota Afrikaa akka hayyuun, Finneegan (1970) xiinxaltetti


bifoota eeraman kanneenifi kan kana fakkaatan of keessaa qabu.
27

3.XIINMALA QORANNICHAA

Boqonnaan kunmalleen ani qorannicha filadhee ittiin gaggeesse,kan akka saxaxa qorannoo,
madda odeeffannoo, iddattoo, meeshaalee odeeffannoon ittiin funaanamee, tooftaa ragaan
funaaname ittiin qaacca’efi qindaa’e of jalatti qabata.

3.1. Saxaxa Qorannoo

Saxaxni qorannoo kaayyoo qorannoon sun adeemsifamuuf ka’ame sana galmaan gahuuf
waantoota raawwatamuu qaban of jalatti hammata. Addunyaa (2011:63-64) waa’ee saxaxa
qorannoo yeroo ibsu, “Saxaxni qorannoo waliigala qorannichaa to’ata. Saxaxa qorannoo tokkoo
kan murteessu gaaffiiwwan qorannichaa deebisuuf deemu, kaayyoo isaa, akaakuwwan
odeeffannoo argamuuti jechuun ni danda’ama”jedha.Saxaxanni qorannoo haala odeeffannoon
itti argamuufi qaacceffamu akkaataa barbaachisuun kaa’uufi galma qorannichaa sirnaan eeguun
kan kallattii qabsiisudha.Qorannoo kana keessattis qorattuun iddattoo, iddatteessuu, malleen
odeeffannoon ittiin funaannattuufi kan funaaname mala ittiin xiinxaltu kan keessatti ibsiteedha.
Malli ani qorannoo kana gaggeessuuf filatame mala akkamtaati. Haaluma kanaan qorannoon
kun wixineen qorannoo akkamtaa ta’ee, mala ibsaa fayyadamuun kan xiinxalameedha.

3.2. Madda Ragaalee

Maddi ragaalee qorannoo kanaa madda ragaa lammaffaati. Sababni madda ragaa lammaffaa
fayyadameef ammoo, qorannoon kun xiinxala mammaaksota Oromoo Jildii sadaffaa keeaassatti
barreeffamaan argaman irratti waan xiyyeeffateefiidha.

3.3. Iddattoofi Iddatteessuu

Kitaabilee makmaaksota Oromoo irratti barreeffaman keessaa iddaattessuun gargaaramuun


miticarraa akkayyootti dhimmi bahame.Sabababni isaas kaayyoo qorannoo kanaa galmaan
naaf ga’a jedhamee waan yaadameef. Malli iddatteessuu kun mala iddattoon ittiin filatamu
keessaa isa tokko yoo ta’u, kitaabilee afoola Oromoo qabiyyee mammaaksaa qaban keessaa
Jiildii sadaffaan xiyyeeffannoon filatameera. Haaluma kanaan,qabiyyeewwan mammaaksoota
28

kitaaba mammaaksa Oromoo Jildii Sadaffaa keessatti argaman keessaa mammaaksoota gadi
qabamuu dhiirotaafi dubartootaa ibsan filamaniiru.

3.4. Meeshaalee Funaansa Ragaalee

3.4.1 Qaaccessa Harshammee

Ragalee qorannoo kanaaf barbaachisan argachuuf sakatta’a harshammeetti dhimma ba’ameera.


Barreeffamoonni akka odeeffannoo qorannootti nama fayyadan hedduutu jiru. Isaanis, kanneen
akka kitaabotaa, xalayyootaa, gaazexaa, barruulee adda addaa, barreeffama murtiifi
yaadannoosga. Qorannoo kana keessatti, kuusaa kitaaba mammaaksota Oromoo Waajjira
Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin qophaa’an keessaa Jiildiin sadaffaa akka madda
ragaatti hojiirra oleera.

3.4.2 Afgaaffii

Afgaafiin namni qorannoo gaggeessuufiragaa kennitoota fuulleetti walargani ragaa kan waliif
kennaniidha. Afgaaffiin namoota barataniifi kanneen hinbaranne irraallee ragaa argachuuf
filatamaadha. Akka Dastaan (2002:84) ibsetti, “Odeeffannoon af-gaaffiin funaannamu gaarii
kan taasisu qorataan gaaffii isaa sirriitti ifa godhe akka gaafatu dandeessisa” jedha. Haaluma
kanaan gaaffileen qorattuun afgaaffii keessatti dhimma itti baate gaffii banaadha.

3.5. Mala Xiinxala Ragaalee

Qorannoo kana keessatti ragaaleen funaanamanii qoqqoodamuun tartiiba iasaanii eeggatanii


haala hiika sirrii kennuu danda’aniin jechaan ibsamuun xiinxalamaniiru. Ragaaleen funaanames
mala xiinxala ragaalee akkamtaatiin xiinxalameera. Mammaaksonni sakatta’a harshammeetiin
guuramuun gadi qaboo dhiirotaafi dubartootaa agarsiisan mala xiinxala ragaalee al-
lakkoofsaatiin xiinxalamaniiru
29

4.XIINXALAA FI HIIKA RAGAALEE

Boqonnaa kana keessatti xiyyeeffannoo qorannoo kanaa kan ta’e mammaaksota Oromoo gadi
qabamuu dubartootaafi dhiirotaa haala garagaraatiin ibsanituu xiinxalame. Qorannoo kana
keessatti kan dhiyaatan mammaaksa Oromoo Jiildii sadaffaa keessaa fudhatamaniidha.
Haaluma kanaan mata duree qorannoo kanaan ragaaleen walsimatan walitti qabamanii jiru.
Ragaalee walitti qabaman keessaa ragaaleen qaacceffaman filatamanii jiru. Ragaaleen filataman
kunis, akka armaan gaditti mata dureewwan adda addaatti qoqqoodamanii dhiyaatanii jiru.

Yaada Waliigalaa Kitaaba Mammaaksa Oromoo Jiildii-3ffaa

Kitaabni mammaaksa Oromoo Jiildii -3ffaa kun Biiiroo Aadaafi Beeksisa Oromiyaatiin
Guraandhala, 1991tti gumii qormaata Afaan Oromootiin maxxanfame. Qabiyyeen kitaabichaa
guutumatti mammaaksota qofa kan hammateedha. Mamaaksoonni kitaabicha keessatti
hammatamanis, tartiiba qubeetiin kankaa’aman yommuu ta’an, akkuma jiranitti funaanamuun
kaa’aman malee kan xiinxalamanii hiikni itti kennamee miti. Mammaaksoota kitaabicha
keessatti argaman keessaa mataduree qorannoo kanaan kan walqabatan afurtamii lama qofa.
Isaan keessaa mammaaksonni soddomii jaha filamuun xiinxalamaniiru.

4.1 Xiinxala Mammaaksota Oromoo DubartootaGadqaban

Dubartoonni qaama hawaasaa keessaa isaan tokko yemmuu ta’an hojiilee gara garaa keessatti
baay’inaan hirmaatanii argamu. Haata’umalee, dhimmoota garagaraa keessatti
mammaaksoonnii dubartoota gadi qabuun mammaakaman hawaasa keessatti bal’inaan
argamu.Haata’umalee qorannoon kun mammaaksoota kitaaba jildii sadaffaa keessatti dhiyaatan
irratti waan xiyyeeffateef mammaaksoonni gadiqabaa dhiiraafi dubartootaa irratti
mammaakaman kan jiildii sadaffaa keessatti argaman haala armaan gadiin dhi’aataniiru.

4.1.1 Dubartoonni Tuffatamoo Ta’uu Isaanii Kan Mul’isan

Uummatni Oromoo aadaa, safuu, wal kabajuufi wal safeeffachuu qaba. Kanarraa kan ka’e
uummata Oromoo biratti kabajni dubartoonni qaban guddaa yoo ta’u, karaa biraatiniis
gadaantummaa dubartootaarrattis waan hedduun kan jedhame afaan hawaasaa keessatti argama.
30

a. Dubartii fi Harreen kan itti Fe’an Baatti (f. 93)

Beeyladoota keessaa harreen hojii ulfaataa hojjachuudhaan beekamti. Kunis ba’aa ulfaataa
baattee bakkaa bakkatti geessuun tajaajila geejjibaa kenniti. Akkanumayyuu ta’ee garuu
hawaasa biratti kabajaa hinqabdu. Mammaaksi kunis dubartiifi harree walbira qabuun dubartiin
dandeessuu ta’uu ishee irraan kan ka’e akka harreetti ilaaluun mammaaksa kanaan gadi qabuuf
maammaakame. Dubartiin akkuma warra dhiiraa kabaja namummaa kan qabdu yoota’u,
mammaaksi kun ammoo kabaja kana dhabsiisuun akka harreetti ilaaluun gadi qabamuu
dubartootaa agarsiisa.

b. Nadheen Furdoo Malee Guddoo hin Qabdu (f. 178)

Yaada kanarraa kan hubatamu dubartiin furdina qaamaa malee guddinaafi bilchina sammuu kan
hin qabne ta’uu isheeti. Bilchinaa fi beekumsa hamma feetee qabaattullee hubannoon akkanaa
waan jiruuf hammuma fe’ellee miidhagu ta’u yaanni dubartiin kennite yaada dubartii jedhamee
gatama jechuudha. Kana jechuun dubartiin yaada hawaasa fayaduu danda’u tokko
osoo dhiyeessiteellee sababbii tuffatamtuuf yaadni ishee sun fudhatama hinargatu. Dabalataani
is haala isaan mirga isheen ittiin falmattullee harkaa fashaleessuu danda’a.

c. Taa’uu Mannaa Dubara Dhalchuu Wayya (F. 99)

Mammaaksa kanarraa kan hubatamu dubarri baay’ee tuffatamtuu ta’uu isheeti. Kunis dubarri
yoo dhalatte matiifis ta’ee hawaasaaf bu’aa tokkollee kan hinqabne ta’uu agarsiisa. Qabiyyeen
mammaaksa kanaas hojii dhabanii taa’uufi dubara dhalchuu akka tokkootti wal dorgomsiisa.
Hojii malee taa’uun bu’aa wayiituu hinqabu. Akkasuma dubara dhalchuunis bu’aa wayiituu
akka hin qabnetti ibsame. Kun ammoo hawaasa keessatti dubartoonni baay’ee gatiidhaboo ta’uu
saanii agarsiisa. Dhugaan jiru garuu, dubartoonni uumamaan dhiirotaa gadi ta’anii iddoon itti
mul’atan kan hinjerre ta’uudha. Kanaafis hawwasichumti, “Lafa dubartiin hin jirretti homtuu
namatti hin tolu” jechuun dubartoonni baay’ee barbaachisoo ta’uu isanii dhugaa ba’u.

d. Durba Manatti Midhaan Alatti Hinjajan.(f. 99)

Mammaaksi kun durba mana jirtu kan hinheeruminiifi midhaan ala jiru wal bira qabuun ibse.
Kunis, midhaan ala jiru sababoota garagaraatiin miidhamuun yookin manca’uun oomisha silaa
31

irraa eegamu osoo hinkennine hafuu danda’a. Akkasuma dubarri mana jirtus akka aadaa
Oromootti kabajaa maatiin ishee irraa eegu qabattee heerumuun maatiifi abbaa manaa ishee
fuudhu gammachiisuu dhiisuu dandeessi. Akka tasaa mana warra isheetti ulfaa’uun safuu
hawaasaa cabsuufi kabaja maatii ishee xinneessuun maatii ishee qaanessuu dandeessi waan
ta’eef dubarri mana maatiitti hinjajamtu ture.

e. Dubaraafi Alagaatti Fuula Hinagarsiisan (F.92)

Alagaa jechuun nama fira foonii hintaane jechuudha. Alagaatti fuula agarsiisuun yookiin haala
tolaa itti agarsiisuun yoo itti dhiyaatan garaa nama argachuun booda deebi’ee nama miidha
jedhamee yaadama. Kanaafis, “alagaa fi abiddi fagootti tola” jedhu. Haaluma kanaan dubarris
yoo fuula itti tolan, yookiin yoo loluunii baatan fuula nama argattee sodaa maleeakka barbaadde
ta’uun safuu cabsitee maatii qaanessiti jedhamee waan yaadamuufidha. Akkuma beekamu
dubarri hordoffiifi to’annoo maatii jala yoo hinjiraanne, miidhaan irra ga’uu danda’a. Kunis
warra dhiirotaan gowwaamsamuun dirqisiifamtee gudeedamuun miidhaan qaamaafi xiin-
sammuu irra ga’uu danda’a. Dubarri mana maatii isheetti gudeedamtee dubrummaa dhabde
ammoo akka aadaa hawaasaatti kabajaa hinqabdu. Maqaa maatii ishees balleessitee jedhamee
waan yaadamuuf hawaasa biratti nijibbamti. Maatiinis yoo barbaadan ofirraa baasanii ari’uu
danda’u. Kun ammo jireenya ishee irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Mammaaksi kunis
kanumarraa ka’uun kan mammakame ta’a.

F. Dubartiin Keessummaa Hinqabdu (F.138)

Akka aadaa Oromootti namni tokko mana nama biraa yoo dhaqe kabaja guddaatu kennamaaf.
Iddoo guddaafi simannaa gaariitu godhamaaf. Teessuma gaariifi dhangaa gaarii qopheessuun
keessumsiisuun booharsu. Yaadaafi waan qabatee dhufe gammachuufi haala gaariin irraa
qeebalu. Haata’umalee, dubartoonni ilaalchafi simannaa akkasii kana kan hinqabne ta’uu
mammaaksa kanarraa hubachuu dandeenya. Kunis, dubartiin mana namaa dhaqxee dhiiraan
qixxee kabajaan hinteessu. Dubartoota mana sana keessa jiran wajjiin ta’uun hojii hojjatamuu
qabu hojjatti malee akka dhiiraatti kabajamuun iddoo qabattee hinteessu. Kanaafuu, mammaaksi
kun dubartoonni hawaasa keessatti tuffatamoofi gadaantuu ta’uu ishee kan agarsiisuudha.
32

4.1.2 Dubartiin Odeessituu Ta’uu kan Ibsan

Mammaaksoonni dubartoonni hawaasa keessatti odeessituu yookaan kan dubbii jaallatan ta’uu
isaanii ibsun dubartoota gadi qabuuf mammaakaman haala armaan gadiin kanneen
dhiyaataniidha.

A. Niitii Gadheen Dhirsa Hamatti. (f. 330)

Mammaaksi kun haatii manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina qabaachuu dhabuu ishee mul'isuuf
mammakame. “Dhirsa kabajju haati manaa garaa keessatti taajjabdi." jedhamee mammakama.
Kana jechuun dubartiin iccitii abbaa manaa ishee dabarsitee ormatti kennuu hin qabdu
jechuudha. Haata’umalee, mammaaksa armaan olii kanarraa kan hubatamu dubartoonni tokko
tokko iccitii qabachuu waan hindandeenyeef dhimma maatii isaanii yookiin hanqina abbaa
manaa ishee baastee ormatti kan odeessitu ta’uu isheeti. Haaluma walfakkaatuun mammaaksi
kunis “niitiin dhirsa moote, isa gandaa dhiira hinseetu” jechuun kan mammaakameef dubartiin
dhirsa ofii hin kabajne dhiira biroos kan hin kabajne ta’uu agarsiisa. Akkasumas niitii gadhee
kan jedhu iyyuu gadi qabamuu ishee agarsiisa. Kunis kabajaa isheen abbaa manaa isheef qabdu
irraan kan ka’e tuffatamuu ishee kan agarsiisudha.

Waa’ee jaalalaafi kabaja haadha manaafi abbaa manaa gidduu jiru essumattuu abbaan manaa
kabajamuu haatii manaa immoo jaalatamuu kan barbaadan ta’uu isaanii kan mul'isuudha.
Dubartiin abbaa manaa ishee waan kabajjuuf yoo inni rakkinaafi hanqina qabaatellee mufachuu
ishees ta’ee rakkoo isheellee baaftee itti hin himtu. Waan hunda garaatti qabatti. Waanti isheen
kana gotuuf aarii yookiin komii garaa ishee itti mul’iste isa mufachiisurra ofuma isheetii
miidhamuu filatti kunis kan agarsiisu isaaf yaaduufi ulfina kennuuisheeti. Haat’umalee
mammaksa armaan olii kanarraa kan hubatamu faallaa yaada kanaati. Kunis dubartiin abbaa
manaa ishee hamachuun, iccitii abbaa manaa ishee baastee nama biraatti odeessuun
gadiqabamtuu ta’uu ishee agarsiisa.

B. Ibiddi Dubartiin Qabsiiste Dafee Hindhaamu(f.346)

Mammaaksa kanarraa kan hubatamu dubartoonni dubbii waan jaalataniif lolli isaan irraa eegale
dafee kan hin tasgabboofne ta’uu isaati. Kunis dubartoonni oduu waan jaalataniif iddoo wal
33

argan hundatti waltuttuqu, jecha dalgaa, yookiin dubbii qolaatiin walarrabsu/nama arrabsu waan
ta’eef. Sababa dubartootaa irraa kan ka’e dhiironnis walitti darbuun walloluu danda’u kanaaf
dubbiin dubariin qabsiifte dafee hin dhaamu jedhame. Kun ammoo dubartoonni haadha dubbii
ta’uu isaanii agarsiisa.

4.1.3 Dubartoonni Beekumsa kan Hinqabne ta’uu kan Ibsan

Mammaaksoonni kunneen dubartoonni wallaalota akka ta’an yookiin akka warra dhiiraa
beekumsa kan hinqabne ta’uu isaaniin dubartoota gadi qabuuf mammaakaman.
Mammaaksonni kunneenis haala armaan gadiin ibsamanii jiru.

a. Beekumsi Dubartii Boroo Hinbayu. (F. 65)

Mammaaksa kanarraa kan hubatamu yeroo baay’ee mana keessa waan hojjataniif beekumsi
isaan qabanis hojiidhuma mana keessaa hojjachuu qofa malee ala bahanii akka warra dhiirotaatti
hojii biroo hojjachuuf beekumsa kan hin qabne ta’uu isaaniiti. Kanamalees dubartiin yaada
moo’ataafi addunyaawaa hinqabdu jechuu agarsiisa. Kun ammoo dubartoonni dhimmoota
hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaa keessatti hirmaachuu hindanda’an jechuu agarsiisa.
Sababiin isaas dubartoonni hojii mana keessaa hojjachuumalee barnoota barachuun beekumsa
argachuu keessattis qoonni isaan qaban laafaa ture waan ta’eef beekumsi dubartootaa mana
keessa qofatti daanga’ee kan hafe ta’uu isaati. Dabalataanis, “dubartiin lama hin beektu, takka
hin wallaaltu” jechuun dubrtoonni kallattii tokko qofaan waa yaaduu akka danda’an ta’uu isaanii
ibsu. Akka aadaa Oromootti dubartiin kan ittiin beekamtufi madaalamtu harka toluu isheeti.
Kunis mana keessatti nyaata namaaf qophaa'ee dhiyaatu irratti gaheen dubartootaa guddaadha.
Kanaafis “Bakka dubartiin hin jirre dhangaan hin tolu“ jedhanii mammaakuun beekumsi
dubartootaa mana keessatti nyaata qopheessuu bira kan hin darbine ta’uu ibsu.Walumaagalatti
mammaaksi kun dubartiin hojii mana keessatiin alatti beekumsa biroo kan hin qabne ta’uu
agarsiisuun dubartoota kan gadi qabudha.

b. Dubartiin Dheertuu Malee Beektuu Hinqabdu(f. 92)

Mammaaksi kun dubartiin hojjaa dheeraa haaqabattuyyu malee beekumsa bal’aafi hubannoo
cimaa gadi fagoo ta’e kan hinqabne ta’uu ishee agarsiisa. Dubartoonni beekumsa kuufamaafi
34

hubannoo walii galaa kan hinqabne akkasumas hawaasa keessatti beekumsaan duubatti hafoofi
wallaalota ta’uu isaanii mul’isa. Dubartoonni qaamaan hammam yoo dheeratanis beekumsaafi
bilchina sammuu kan hinqabne ta’uu isaanii agarsiisa. Akkasuma fageessanii yaaduufi waan
tokko gadi fageenyaan xiinxaluu akka isaan hin dandeenye ibsa.

c. Bor Hinbeekneen Qodaan Bukoo Ishee Lama (f. 95)

Namni tokko jiruuf jireenya isaa keessatti waan gochuu qabu kamuu hubannoofi karooraan
raawwata. Haala akkamii keessa akka darbe, maal keessa akka jiruufi ofdura maaltu akka isa
qunnamuu danda’u tilmaamuun jireenya isaa gaggeeffata. Namni waan qabu tokko ammuman
itti fayyadamee fixa jedhu tokko ofduraaf maal akka ta’u waanti tilmaamee karoorfate hinjiru
jechuudha. Haaluma kanaan mammaaksi kunis dubartiin jireenya ishee keessatti ofdura maaltu
ishee muudachuu akka danda’u tilmaamuu waan hinbeekneef kan har’aa malee boruuf yaaduu
akka hindandeenye ta’uu ishee ibsuuf kan mammaakameedha. Kun immoo hegeree jireenya
maatii isheetiif karoorfachuun waa olkaawwachuu irratti beekumsa dhabuu ishee kan
agarsiisudha.

d. Dubartiin Beekaa Deessi Malee Beektuu Hunqabdu (F. 92)

Mammaaksi kun dubartiin wallaaltuu taatee ilmi isheen deessu immoo beekaa akka ta’e ibsa.
Kun immoo dubrtoonni hawaasa keessatti dadhaboofi ofii isaaniin waan tokko itti yaadanii
dalaguu akka hindandeenye kan agarsiisuudha. Mammaksi kun tuffii dubartootaa ibsuuf kan
mammaakame malee, dhugaan jiru garuu qaroomina addunyaan kun amma irra geesse keessatti
gaheen dubartoota guddaa ta’uu isaa beekamaadha. Kana kan deeggaaru hawasumti ofiisaa,
“humna bishaanii mala dubartii siif haa kennu” jechuun mammaakuun dubartiin beekumsa
qabaachuu ishee ragaa bahu.

4.1.4 Dubartiin Balleessituu Ta’uu Ishee kan Ibsan

Mammaaksoonni armaan gaditti ibsaman dubartoonni kan waa tolchuu, waa olkaa’uu fi
guduunfachuu hin dandeenye ta’uu isaanii fakkeessuun dubartoota gadi qabuuf kanneen
mammaakamaniidha.
35

a. Dubartii Wajjin yoo Taphatan Harka Daakuutiin Nama Qabatti (f. 222)

Mammaaksa kanarraa kan hubatamu dubartoonni yeroo baay’ee hojii mana keessaa waan
hojjataniifi ijoollee waan guddisaniif yeroo baay’ee ofii isaanii caalaa hojii hojjataniif
xiyyeeffannoo kennu. Gadi ba’anii namoota biroo wajjiin yeroo hunda waan wal hinagarreef
akka bara ammaa kana of qaqqabuun of kuulan. Kanamalees dur akka bara kanaa teekinoolojiin
waan hinbabal’anneef baaburri midhaan daaku hin jiru ture. Kanaaf, dubartoonni harkaan
daakuun maatii isaanii nyaachisaa turan. Yeroo daakuu daakan kanatti harkaafi uffata isaanii
daakuun waan tuquuf qulqullina hinqabu. Jechuun daakuu qabaachuu danda’a. Yommuu namni
alaa waamu hojiirra osoo jirtuu harka daakuutiin gadi baa’uu dandeessi waanta’eef akka waan
isheen qulqullina hineegganneetii gadi qabuun kan mammaakameedha.

b. Bakka Nadheen Baay’attetti Raafuun Hinbilchaatu (f. 222)

Hawaasa keessatti dubartoonni yeroo baay’ee hojii manaa keessaa waan hojjetaniif gadi ba’anii
hiriyoota isaaniin walarganii dhimmoota adda addaa irratti waliin mari’achuu, waliin
haasawuufi taphachuuf carraa hinargatan ture. Kanaaf yeroo akka carraa ta’ee wal argan
dhimmoota garagaraa kaasuun waliin haasawu. Haasawa isaanii kana keessatti tarii miira keessa
galanii yommuu haasawan hojii hojjachaa jiran sana dagachuun waanti hojjachaa jiran jalaa
baduu danda’a. Haala kanaan dubartoonni hojii caalaa oduudhaaf iddoo guddaa kan kennan
ta’uu isaanii ibsuun dubartoonni balleessituu ta’uu isaanii ibsuuf maammaaksi kun kan
mammaakameef. Akkasumas waan hojjatan irratti natubeeka natu beeka jechuun osoo wal
falmanii fi osoo wal morkatanii waanti isaan hojjatan jalaa bada waan ta’eef akka isaan
balleessituu ta’aniitti mammaakame. Dabalataanis, ”Durattuu durattii, yaa hojii dubartii”
jechuun hojii dubartiin hojjattu bu’aa wayiituu kan hinqabnefi dubartiirraa waan gaariin kan
hineegamne ta’uu mammaaksaan ibsama. Kunis gadi qabamuu dubartii kan ibsuudha. Kana
malees mammaaksichi dubartoonni qaaama hawaasaa keessaa baa’ee oduu kan jaallataniifi
hojiif dantaa akka hinqabne fakkeessuun kan mammaakame waan ta’eef gamtaa yookiin
tokkummaa dubartootaa irrattis dhiibbaa qabaachuu danda’a. Kunis dubartoonni gamtaan
baay’atanii hojii biroollee hojjachuu akka hindandeenye agarsiisa.
36

Walumaagalatti mammaaksa kana irraa kan hubatamu dubartoonni bakka baay’atanitti hojiin
sirnaan akka hin hojjatamneefi dubartoonni hojii caalaa oduudhaaf iddoo guddaa waan
kennaniif hojii kan balleessan ta’uu isaa agarsiisa.

c. Durattuu Durattii yaa Hojii Dubartii (f. 98)

Mammaaksa kanarraa kan hubatamu dubartoonni hojii balleessuu malee tolchuu kan hinbeekne
ta’uu isaaniiti agarsiisa. Akkasumas yaada mammaaksa kanaa irraa hojii dubartoonni hojjatan
irratti amantaan kan hin jirrefi hojiin isaanii qulqullina kan hinqabne ta’uu isaa hubachuu
dandeenya. Kun immoo durumaanuu dubartoonni hawaasa keessatti hojii hojjataniin illee tuffii
qabaachuu isaanii mul’isa.

d. Jaartiin Jaarsa Mo’atte Dilbii Baaftee Gurgurti (F. 246)

Mammaaksi kun abbaa manaa kan mana isaa irratti aboo qabaachuu qabu niitiitu isa mo’a waan
taateef qabeenyaa hunda akka barbaadde gochuun qisaasessuu ishee mul’isa. Kana keessatti
dilbiin midhaan bara dheeraaf gumbii yookaan gootaraa keessa yeroo dheeraaf turuun dhalli
namaa eegduuf kaayyatudha. Kanas yeroo rakkoon mudatus ta’e hojii karoora addaaf jecha
abbaan manaa baasee gurguruun maatiin mana sanaa dhimma itti bahanidha. Garuu niitiin waan
dhirsa mootuuf rakkoo jiru achi fageessitee yaaduu dhiisuun yeroo malee gurguruun manaa
fixxee booda rakkoon akka uumamu kan gootudha. Haalli kunis maatii mana sanaa beelaaf
saaxiluu kan danda’udha. kunis sababa dhirsi sun ishee abboommachuu dadhabe irraa kan ka’e
waan taheef gadi aantummaa isaa kan ifoomsedha.

4.1.5. Dubartoonni Dinagdeedhaan Hirkatoo Ta’uu kan Ibsan

Mammaaksonni armaan gadii dubartoonni hirkatoo yookaan jireenyi isaanii warra dhiiraa irratti
kan hirkate ta’uu isaanii mul’isa. Diinagdee horachuu fi to’achuu irratti gahee kan hin qabne
ta’uu isaanii agarsiisu.
37

a. Nadheen Mana Hinqabdu Mana Dhiiraa Bulti (f. 378)

Mammaaksonnii gama dinagdeetiin hanqina dubartootaa ibsan hawaasa keessattii akka jiraniifi
dubartoonnis diinagdee qabaachuu irratti gahee guddaa akka hinqabane agarsiisa.
Mamammaaksi armaan olii kunis dubartiin qabeenyaa kan hinqabne ta’uu isaa kan
agarsiisuudha. Kana irratti dubartoonni qabeenya hoogganuufi qabeenya horachuu irratti dhiiraa
gadi akka taate agarsiisa. Akka aadaa Oromootti namoonni gaa’ela raawwachuun yommuu
bultii ijaarratan dhiiratu gara warra dubaraa dhaqa osoo hin taane dubaratuu gara warra dhiiraatti
dhaqa. Kana jechuun dhiiratuu fuudhee gala malee dubartiin dhiira fuutee maatittiin hin galtu
turte. Haala kanaan dubartiin mana duraan maatii ishee waliin keessa jiraattu dhiiftee gara mana
dhiiraa yookiin gara nama ishee fuudheetti waan dhuftuuf mammaaksi kun akka waan isheen
mana hin qabneetti ishee gadi qabuun mammaakame.

Abbaa manaa ishee wajjiin walqixa hojjattee qabeenya horatan irratti olaantummaan kan
hogganu abbaa manaati. Dubartiin yookiin haati manaa gonkumaa mirga qabeenya hogganuu
hinqabdu. Abbaan manaa yoo barbaade maal nawajjiin qabda narraa deemi jedhee baasee ari’uu
danda’a. Kanamalees dubartiin akka itti maatii bulchitufi itti gaggeessitu malee qabeenya
horachuu, mana ijaarrachuufi diinagdee isaanii to’achuu irratti gaheen ishee hawaasa keessatti
baay’ee gadi aanaa ture.

b. Dubrtiin Mana Hinqabdu Mana Dhiiraa Galti (f. 378)

Hawaasa Oromoo biratti manni abbaa manaatiin waamama ture. Kunis mana abbaa ebaluu
yookiin mana obboo ebaluu jedhama malee, mana haadha yookiin aadde ebaluu hinjedhamu.
Akkasumas abbaan manaafi haati manaa yoo wal lolanillee “mana kootii bahi” jedhaan malee,
isheen mana kootii bahi hinjettuun. Yaanni kun ammoo dubartiin akka mana hinqabne manni
kan abbaa manaa ishee ta’ee, isheen isa irraatti hirkattee akka jiraattu agarsiisa. Dabalataanis
mammaaksi kun mirga namummaa dubartoonni qaban sarbuun harreedhaan waldorgomsiisuun
ibse. Kun ammoo dubartoonni tuffatamoo ta’uu qofa osoo hintaane mirga namummaalle akka
hinqabne gochuun dhiheesse.
38

4.1.6. Dubartiin Hoggansa irratti Hanqina Qabaachuu

Dubartoonni murtii kennuu irratti hirmaannaan isaanii gadaanaadha. Maatii bulchuu keessatti
abbaan warraa dhimma hundarratti murteessaa ta’uu isaafi dubartoonni haggansa maatiis ta’ee
dhimma biyyaa irratti hanqina qabaahuu isaanii fakkeessuun dubartoota gadi qabuun
mammaakaman.

a. Mootummaan Dubartii Karra Cufaa Oolcha (f. 346)

Mammaaksa kanarraa akka hubatamutti dubartiin qabeenya ofii to’achuufi bulchuu irratti
ejjannoo cimaa kan hinqabne ta’uu isheeti. Dubartiin maatii ishee, mana ishee darbees biyyas
hogganuu akka hindandeenye mammaaksa kanarraa hubanna. Hawaasa keessatti dubartoonni
hojii hojjetan hunda of eeggannoodhaan akka hinhojjetne mammaaksicharraa hubanna. Maatii
isaanii bulchuu irratti hanqina akka qabanitti gadi qabuun mammaakame. Kanamalees, dur
dubartoonni akka warra dhiiraa barumsa barachuurra hojii mana keessaa maatii gargaaranii
yeroo umriin isaanii gahutti ni heerumu ture. Kanarraa ka’uudhaan dubartoonni beekumsa waan
hinqabneef gara hoggansaatti yoo dhufte bulchuu hindandeessu jechuun mammaaksa kanaan
gadi aantuu ta’uu ishee ibsu.

b. Niitiin Dhirsa Moote isa Gandaa Dhiira Hinseetu( f. 382)

Dubartiin abbaa manaa ishee moote waan fedhe balleessite illee kan isheetti dheekkamu waan
hin jirreef ol aantummaan ishee dhiira hunda irratti kan qabdu itti fakkaata. Kuni immoo laafina
dhirsa ishee irraa kan ka’e dhiirota mana biros akka tuffattu kan ishee taasisedha. Haalli kun
immoo gadi qabamuu dhiiraa keessattuu kan abbaa manaa ishee waan mul’isu tahuu
xiinxalameera.

4.2 Xiinxala MammaaksootaGadqabamaa Dhiiraa Mul’isanii


39

Oromoon afoola isaa keessatti dubartoota gadqabuuf akkuma fayyadame dhiirotallee gad
qabuufi tuffachuuf afoolatti gargaaramaa tureera. Akkuma dubartoonni hawaasa keessatti
tuffatamoo, dadhaboofi odeessituu ta’uu ishee mammaaksa gargaaramuun ibsan dhiironnis
dhimmoota gara garaa irratti hanqinaalee adda addaa qabaachuu isaanii mammaaksaan ibsu.
Mammaasonni akkasiis matadureewan armaan gadii jalatti kan dhiyaatan ta’a.

4.2.1.Tuffatamuu Dhiiraa Kan Mul’isan

Mammaaksonni itti aananii jiran dhiironni hawaasa keessa jiraatan keessatti dhimmoota adda
addaa irratti tuffatamuu isaanii kan ibsanidha

a. Aannan Okolee Badeeti Ilmi Eessuma Bada (f. 8)

Okolee jechuun meeshaa aadaa Oromoo kan aannan itti elmamu yoo ta’u, eessuma jechuun
ammoo obboleessa haadhaa yookiin obboleessa abbaa jechuudha. Mammaaksa kana keessatti
aannaniifi ilma, akkasums,okoleefi eessumatu walbira qabamanii ibsaman. Meeshaa aannanii
haala gaariin qoraasanii foolii gaarii akka qabaatutti yoo hinqabne aannan balleessa.

Kana keessatti sababa meeshaan aannanii yookiin okoleen gaarii hin taaneef aannan bade.
Bifuma kanaan eessumni nama amala badaa/gadhee/ qaba waan taheef ilmis amala isaa horatee
akka amala gaarii nama hin qabneetti ilaalame. Kun immoo hawaasa keessatti gadi qabammuu
isaa kan mul’ise tahuu isaa kan ifoomsedha. Akkasumas amalli eessumni yookaan firri qabu
tokko irraa ka’uun ilmis akka waan amalli eessumaa sun mucaatti darbuutti ilaaluun amala
eessumaatiin ilma tuffachuun gadi qaqbuu ibsa.

a. Abbaa Gabaabaa Ijoolleen Hiriyyaa Seeti (f. 23)

Kun dhiira umuriin isaa nama guddaa ta’ee garuu hojjaa gabaabina qabudha. Ijoolleen ammoo
xiyyeeffannoo kennuun waantoota adda baasanii ilaaluu irratti bilchina hinqaban waan ta’eef
waa’ee umrii isaafi nama guddaa ta’uu isaa hubachuu hin danda’an. Hojjaa namichaa yommuu
ialaalan isaan qixa waan ta’eef akkuma hiriyaa isaaniitti ilaalu. Haala kanaan ijoolleen hiriyyaa
isaanii see’anii kan akka qoosaa, waan saalfii, arrabsoofaa irratti raawwattandha. Kun immoo
akka nama guddaatti sodaatamuu, kabajamuu dhabuunsaa tuffatamuusaa kan mul’isedha
40

c. Abbaa Namaa hin Beektu Garbicha Namaan Jetti (F. 29)

Mammaaksi kun immoo keessattuu yeroo duriitti ilaalcha hawaasaa irraan kan ka’e sanyiifi
bifaan wal qooduun kan bifaan gurraacha tahe garbicha jedhanii tuffatu ture. Haaluma kanaan
nama abbaansaa gurraacha ta’e akka garbaatti waan ilaalaniif garbicha jedhanii waamu. Osoo
hubannoo hinqabaatiin yookiin eenyummaa nama sanii hinbeekiin nama garba hintaane irraa
kan dhalate garba jedhanii tuffatu. Kanaan walqabatee nama abbaansaa garba hintaane irraa kan
dhalate, garuu namni biroo utuu maalummaa isaa hin beekiin tuffatanii maqaa balleessiin gadi
aantummaan arrabsuu kan ifa taasisedha.

d.Abbaan Cufaa Karraatti Haati Utubaa Manaati(f. 62)

Mammaaksi kun jireenya maatii tokkoo keessatti gahee haadhaa manaafi abbaa manaa wal bira
qabuun waldorgomsiisee kan dhiyaateedha. Kana malees abbaafi muka alaa walbira qabuun
ibse. Mukni alaa yoo muramuun iddoo barbaachisaa ta’etti ijaarsa manaa keessatti hirmaate
malee ijaarsa manaa baatee dhaabachuu keessatti qooda kan hinqabne waan ta’eef miidhagina
qofaaf akka fayadetti ibsame. Abaanis waa’ee jiruufi jireenya maatii isaa gaggeessuu irratti
gahee isa irraa eegamu qixa sirriin hinba’atu yoo ta’e,maqaa dhuma qofaaf abbaa jedhame
waanta’eef, akkuma mukaatti mallattoof jira malee waan tokko akka hin yaanne ibsa. Dhiirri
haala kanaan hawaasa keessa jiraatu akka dadhabaatti waan ilaalamuuf nituffatama. Kanarraa
ka’uun mammaaksi kunis gadqabaa ibsuuf kan mammaakame tahuusaa hubanna.

e. Abbaa Tuffatan Fardasaa Ushee Jedhu (f. 79)

Namni tokko yeroo namni inni jibbu farda yaabbatee deemu kan jibbu tokko argu harree
fakkeessee namicha tuquuf jecha fardasaa akka aadaa Oromootti kabaja qabu sadarkaasaa gadi
buusuun akka harreetti waama. Kunis namichi akka waan tokko isa hingooneetti tuffachuun
farda fakkeessee namicha harree jechuun tuffatamuu abbaa fardichaa kan ifa taasisu tahuu
agarsiisa.

f. Afaan Ulaa Ta’aniif Abbaa Manaa Hinta’ani(f. 209)

Kun immoo dhiirri tokko balbala dubartii inni barbaadu irra taa’eef isheen immoo isa hinfeetu
yoo ta’e, mammaaksi kun mammaakamuu ifa kan taasisedha. Kunis dhaamsa tuffii sareef
41

qabaniin ilaaluun hinkajeeliin ulaa irra teessee yaada jedhu ibsa. Haalli kun immoo dhiirri
balbala irra taa’eef dhirsa tahuu akka hindandeenye cinaatti akka sareetti tuffatamuusaati
mul’isa. Sababni isaas sareetu yeroo hedduu ulaarra taa’a waan taheef haala kanaan namichis
tuffatamuusaa kan ifa taasisudha.

g. Kunuu Dhirsaa Galeeti Mana Ibsaa (f. 315)

Dhiira hawaasa keessatti tuffatamuufi akka dubartiitti ilaalamu kan mul’isudha. Kunis waan
amala dhiiraa hin tahiin sababa beekamuufi mana isaafis kan akka abbaa manaa tokkootti
hinyaadne, hojii dhiirri ittiin beekamu dhiisee gahee dubartii kan dalagu, safuu hawaasaa kan
hineegne tahuu isaa irraa kan ka’e, hawaasaafi niitii isaatiin tuffata. Kana irraa ka’uun
gadqabamuu isaa ibsuuf mammaaksi kun kan mammaakamu tahuu hubatameera.

g. Jaarsaafi Dhuufuu Tabbatti Dhiisani(f. 244)

Mammaaksa kana keessatti jaarsaafi dhuufuu wal madaalchisuun kan mammaakamedha.


Dhuufuun bakkuma nama qabetti bakkeetti dhukaasanii akkuma biraa deemani nama dhiira
tahee dulloome akkuma dhuufuutti ilaaluun kana booda hin fayyadu jechuun tuffachuu ibsa.
Kun immoo umuriin dulloomus dhiiradha waan taheef namoonni immoo sababa jaarsomuu isaa
irraan kan ka’e akka gadi qabaatti fudhachuun dhuufuu ajaa’aa bu’aa hinqabne waliin wal qixa
ilaaluun kan itti mammaakani tahuu ifoomseera

h. “Dhirsi Homaa Naaf hin Goone, Dhuufuun Na Ajjeese” Jetteniitiin (F. 90)

Dhirsi dubartii bira ciisee waan isheen feetu kan hin raawwanneef hawaasa keessatti akka gadi
qabamuu isaatti haasa’ama. Kunis akka uumamaatti dhirsi niitii isaa bira hirriba qofaaf kan
fuudhee bira ciisu miti. Kunis namni yeroo wal fuudhu waaqayyo kan walitti isaan fide wal
qunnamtii raawwatanii akka horanii baay’ataniifi. Haala kanaan dhiirri haadha manaa isaa bira
hirriba qofaaf dhaqu akka duudhaa hawaasaatti kan isa qeeqsisudha waan taheef akka gadi
qabaatti kan itti mammaakamu tahuu xiinxalameera.

J. Dhirsiifi Dhukkubni Kosii irraa Baha (F. 97)


42

Mammaaksi kun dhirsaafi balfa yookaan kosii kan wal madaalchisedha. Kosiin waan badaa kan
dhibeen lubbuu namaa miidhu keessa taa’u waan tuffatamaadha. Haala kanaan dhiira sadarkaa
isaa gadi buusuun kosiitti madaalanii haasa’uun mudaa isaa waan ibsuuf mammaaksi kun gadi
aantummaa yookiin tuffii dhiraa mul’isuuf kan mammaakame tahuu ibsa.

k. Ilma Yartuu Dhalchuu Mannaa, Muka Gaarii Dhaabuu Wayya(f.318)

Oromoo biratti ilmi bakka abbaa bu’a waan ta’eef iddoo olaanaa qaba. Ilmi yartuun immoo
maqaa abbaa isaa balleessa waan ta’eef hawaasa biratti ni tuffatama. Mammaaksi kunis, ilma
yartuu maqaa abbaa balleessu yookiin iddoo itti eegamu sana hin geenye dhalchuurra muka
gaarii dhaabuun akka caalu ibsuun tuffii ilma yartuuf qaban kan ittiin ibsataniidha.

4.2.2. Lugna/Dabeessummaa

Mammaaksonni armaan gadii gootummaa yookiin jagnummaa irratti hanqina dhiironni qaban
agarsiisuun, dhiironni akkasii hawaasa keessatti gadaantota ta’uu isaanii agarsiisuun kanneen
mammaakamaniidha.

a. Dabeessi Duulaa Gale Haadhatti Gootoma (f. 85)

Namni dhiira ta’e yeroo umriin isaa dargaggoomu keessattuu akka bara bulchiinsa dargiitti
dirree lolaatti waraanaaf ergamaa ture. Garuu dhiirri tokko tokko otuu lolatti hin dhiyaatiin
sodaatee galuun haadha isaatti immoo kan fakkarudha. Kun immoo dhiira akka isaa sodaatee
manaa dubartiitti jagnoomuun isaa onnee dhiirummaa akka hinqabneetti ilaalamuun hawaasa
keessatti kan tuffatamudha. Kana irraa ka’uun gadi qabamuu isaa mul’isuuf mammaaksi kun
kan mammaakamu tahuu kan ifa taasifamedha.

B. Kokkolfaa Haati Goota Hinseetu (f. 309)

Dhiira yeroo hundumaa fuula ibsuun kokkolfu jagna hinfakkaatu. kunis gootni yeroo baay’ee
akka bartee hawaasaa irraa barame kan hinkofalle, nyaara isaa dukkaneessu, iji isaa diimatutu
43

goota. Kan kokkolfu immoo yeroo hedduu dubara. Dubarri immoo akka ilaalcha yeroo duriitti
gootummaa ishee hagas mara miti waan taheef dhiira kokkolfu kanaan wal fakkeessuun gadi
qabamuu isaa ibsuuf kan mammaakamu tahuu ifoomeera.

c. Lafti Gadhee Sanyii Nyaattee; Ilmi Gadheen Maqaa Abbaa Nyaatti(f. 318)

Akkuma lafti baakaan kan albuuda midhaan biqilchu of keessaa hinqabne sanyii irra facaasan
biqilchuu dhiisee balleessu ilmis kan maal jedhuu hinbeekne, safuu hawaasaa kan cabsu, kan
hatu, kan kijibu yookaan sobu maqaa abbaa isaa hawaasa keessatti akka salphatu taasisudha.
Kuni immoo tuffii ilma dhiiraa sanaaf hawaasni qabu tahuu kan ifoomsedha.

4.2.3 Doofaa Ta’uu

Oromoo biratti doofaan hin jaallatamu. Kanaaf doofummaa dhiironni qaban irratti
mammaaksotaan dhiirota akkasii gadiqabuuf kan itti mammaakamuudha. Mammaaksonni
kunneenis kanneen armaan gadiiti.

a. “Doofaa Kanatti Heerumuu Mannaa Durbummaan Hafuu Wayya”Jette Intalli(f. 90)

Doofaa kan jedhu nama gowwaa kan homaa hin beekne (kan hin baranne) jechuudha. Dhiirri
fuudhaaf intala gaafate gowwaa kan hoomaa hinbeekne tahuu kan mul’isudha. Intallis sababa
doofummaa isaa irraa kan ka’e waan tuffattuuf qulqullummaa ishee bantii ishee kennuufii
hinbarbaanne. Tuffii doofummaa isaaf qabdu irraa kan ka’e itti heerumuu diduu ishee mul’isa.
Kana irraa ka’uun heerumuu dhiistee durbummaa isheen turuu filatte. Kun immoo wallaalaa
ta’uun dhiirichaa gadi qabamuu isaa waan mul’isuuf hawaasni haala kanaan kan itti mammaaku
tahuu agarsiisa.

B. Jaarsa Jaartiin Ajjeefteeti Tokkicha Lammiin Ajjeefti (f. 244)

Dubartiin dhirsa ajjeesuun laafina dhiira sanaati mul’isa. Akkuma kana dhiirri cimaan tokko kan
qofaa isaa nama hedduu injifatu hiriyyaa kooti, fira kooti jedhee shakkuu dhiisuun icciitii isaa
44

lammii isaatti ofkennuun waan haasa’uuf guyyaa tokko ganamuun lubbuu isaa kan dhabudha.
Kunis dadhabina dhiiraa kan mul’isu waan ta’eef gadi qaboo ta’ee kan itti mammaakamu tahuu
kan beekamedha.

4.3.Garaagarummaa Mammaaksota Dhiirotaafi Dubartoota Gadi Qaban

Garaagarummaa mammaaksoota dhiirotaafi dubartoota gadi qaban gidduu jiru irratti namoonni
ragaa qorannoo kanaa kennan haala itti aanu kanaan ibsaniiru.

Dhiiraafi dubartii ta’uun adda addummaa uumamaan jirudha. Bu’uurri kun mallattoo adda
addummaa kana mirkaneessan dhiyeessuun ala walcaalmaa isaanii hinagarsiisu. Lamaanuu
guddina hawaasa tokkootiif barbaachisoodha. Haata’umalee, barbaachisummaan dhiiraaf
dubartii hawaasa hunda biratti walqixa hubatamaa kan hinjerre ta’uu afoola hawaasichaa kan
ta’e mammaaksoota irraa hubachuu dandeenya jedhan. Mammaaksoonni kuniinis dhiirotaafi
dubartoota gadi qabuuf haa mammaakaman malee, ilaalchaafi qabiyyeedhaan garaagarummaa
qabu. Fakkeenyaaf, “Dubartiin dhiiraaf uumamtee,” kan jedhu ofiin murtee kennuu, jireenya
isaanii akka fedhii isaaniitti geggeessuu irratti daangaa kaa’a. Dhiironni garuu eenyuuf akka
uumaman waanti mammaakame yookiin waanti ibsame hinmul’atu jechuun ibsaniiru.
Dabalataanis “dubartiin mana hinqabdu mana dhiiraa galti” kan jedhu dubartiin qabeenya irratti
ajajuu akka hindandeenye kan agarsiisu yoota’u, qabeenya maatii olaantummaan kan hogganu
dhiira ta’uu kan agarsiisudha jedhan. Karaa biraatiin ammoo dubartoonni hawaasaan kan
tuffataman yoo ta’u, dhiironni ammoo haadhamanaa sirnaan horachuu dhabuufi sodaataa ta’uu
isaa qofaaf kan tuffatamu ta’uu mammaaksoota kanneen irraa hubachuu dandeenya jechuun
yaada isaanii haala walfakkaatuun ibsa.

Walumagalatti yaada ragaa kennitootaa kanarraa kan hubatamu mammaaksota gadi qabaa
dhiirotaafi dubartootaa ibsuuf maammakaman jidduu garaagarummaan jiraachuu isaati. Kunis
gadi qabamuu warra dhiirotaaf kan mammaakamu ga’uumsa, amalaa fi haalota isaan hawaasa
keessatti agarsiisan irraa ka’uun kan mammaakaman yommuu ta’u, kanneen gadi qabamuu
dubartootaa ibsan ammoo ilaalcha hawaasni dubartootaaf qaban irraa ka’uun kan
maammaakaman ta’uu isaaniiti.
45

4.4. Itti Fayyadama Yeroo Ammaa Mammaaksota DhiirotaafiDubartoota


Gadi Qabanii

Haala ittifayyadama yeroo ammaa mammaaksoota gadi qabuu dhiirotaafi dubartootaaf


mammaakamanii ilaalchisee barsiisaa Dinqaan akkana jedhan, yeroo ammaa kana garuu, biyya
keenyaafi kanneen biroo keessatti mirgi dubartootaa xiyyeeffannoo argachaa dhufee jira.
Adeemsuma kanaan dubartoonni baay’een ilaalcha duraanii kan daa’ima guddisuufi hojii mana
keessaa qofaan daangeffamuu jijjiiruun siyaasa, amantii, barnootaafi dinagdee keessatti qooda
fudhachaa jiru jedhan. Dabalataanis barsiistuu Loomiin yaada kana akka itti aanu kanatti ibsite,
dubartoonni mirga isaaniif akka falmatan siyaasni haala mijeessaa dhufeerraa jette. Qixa dhiiraa
bu’anii filachuufi filatamuu, qabeenyaa irratti abbooma qabaachuu, barnoota keessatti haalaan
hirmaachuufi qooda fudhachaa dhufuu dubartootaatiif, haalli qabatamaan biyya keenyaafi
addunyaarratti mul’atu ragaadha jechuun ibsitee jirti.

Yaada kanarraa kan hubatamu yeroo ammaa kana ittifayyadama mammaaksoota gadi qaboo
dhiirotaafi dubartootaa irratti jijjiiramni jiraachuu isaati. Kunis, haalli siyaasa biyya keenyaas
ta’ee kan addunyaa hedduun isaa mirga dubartootaa akkasumas mirga dhala namaa kan
kabachiisan waanta’eef mammaaksoota kanneen akka duriitti itti fayyadamaa kan hin jirre ta’uu
isaati. Kana malees, “dubartiin barattee eessa geessi” kan jedhu jijjiiruun, “dubartii barsiisuun
maatii barsiisuudha” jechuun dubartoonni yoo baratan maatii isaanii bira taree biyyaaf darbees
addunyaaf bu’aa guddaa gumachuu kan danda’an ta’uu isaa hubanna.

Barsiisaa Gammachiis ammoo haala itti fayyadama mammaaksoota gadi qaboo koorniyaa
lameenii irratti yaada isaanii yommuu ibsan, ilaalchi jijjiiramaa dhufee jira jedhu. Kunis
mammaaksoota dubartootafi dhiira gadi qabuuf mammaakaman yeroo ammaa heddu hojiirra
olaa hinjiran. Haata’u malee, walqixxummaan dhiiraafi dubartii seeraan yoo tumamellee,
dubartoonni walqixa qooda fudhachuurratti ilaalchii fi muuxannoon yeroo dheeraaf qaban
akkasumas amantii “Dubartiin dhiiraaf uumamtee,” jedhuurraa kan ka’e dubartoonni ofiin
murtee kennuu, jireenya isaanii akka fedhii isaaniitti geggeessuu irratti gufuun kaa’ame ammas
darbee darbee ni mul’ata jechuun ibsaniiru. Akkasumas mirgi dubartootaa gaaffii mirga dhala
namaa ta’ee fudhatama argachaa deemullee haalaafi ilaalchi baroota dheeraaf diriiree ture kun
hojiirra oolmaa isaatti gufuu ta’anii turan jedhe.
46

Yaada kanarraa kan hubatamu yeroo ammaa kana loogiin dubartoota irratti godhamufi rakkoon
ilaalchaa dubartoota gadi qabuun ilaaluun biyyaafi aadaa tokko keessatti kan murta’ee osoo
hinta’in akka addunyaatti biyyootafi barmaatiilee kamiiyyuu keessatti kan raawwatamu ta’uu
isaatiin rakkinichi amala waliigalaa akka qabaatu gochuu isaati.

Itti dabaluun barsiisaa Gammachiis, mirgi dubartootaa dhimma mirga namoomaa waan ta’eef
dhimma biyya tokko qofa godhamee kan hinilaalamne waan ta’eef dhimma hawaasa addunyaa
ta’uun xiyyeeffannoo argateera. Keessumaayyuu waraana addunyaa lammaffaa booda loogii
baldhinaan irra gahu dhabamsiisuuf mirgi dubartoota waliigalteewwan idil-adunyaa kanneen
akka; Konveenshiinii Waliigalaa Mirgoota Namoommaa, Konveenshiiniin mirgootaa siviiliifi
siyaasaa yaa’ii waliigalaa motummaa gamtoomaniin muddee 16, bara 1966 A.L.A mirkana’ee
bitootessa 23 bara 1976 A.L.A hojii irra oole, Konveenshiiniin mirga diinagdee,
hawaasummaafi aadaa yaa’ii waliigalaa motummoota gamtoomaniitiin mudde 16,1966n
mirkanaa’ee Amajjii 3 bara 1976 hojii irra oolee, Waliigalteen idil-addunyaa mirgoota
dubartoota ibsa miidhaa humna dubartoota irratti raawwatamu hambisuuf yookiin
dhabamsiisuuf bara 1993 A.LA bahe, keessatti akka hammatamu godhame jira. Karaa biraatiin
walqixxummaa Dubartoota qixa seera lamummaatiin ammoo, dubartoonni mirga barachuu,
mirga qacaramuu fi hojii hojjechuu, mirga tajaajila fayyaa argachuufi kan kana fakkaatan akka
qaban ibsameera jedhan.

Kanamalees, Itiyoophiyaanis mirgoota namummaafi dubartootaa koonveenshinoota Adduunyaa


keessatti tumaman kana Heera biyyattii keessatti beekamtii argachiisuun qaama heera biyyatti
kan taasistedha. Mirgootni kun heera biyyattii keessatti beekamtii argachuun qofti gahaa waan
hin taanef seerota biyyatti adda addaa keessatti tumamanii qaamolee haqaatiin hojiirra oolu
qabu jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

Walumaagalatti yaada kanarraa kan hubatamu, gadi aqabamuu dhiirotaafi dubartootaatiif


ka’umsa kanta’e ilaalcha hawaasaa malee uumamaa miti. Ilaalchi kun ammoo, hawaasa
keessatti hirmaannaafi dhimmoota garagaraa keessatti qooda fudhannaa dhiirotaafi
dubartootaarratti dhiibbaa gochuun warra dhiiraatiif loogaa turuu isaa mammaaksoota irraa
hubachuu dandeenya. Haata’u malee, yeroo gabaabaa asitti ilaalchi hawaasni dubartootaaf
qaban kun jijjiiramuun hirmaannaan dubartootaa fooyya’aa dhufeera. Waliigalteewwan
47

idiladdunyaa waa’ee mirga dhala namaa irratti raawwataman irraa ka’uun dubartoonnis mirga
isaanii falmachuu eegaluudha. Kanarraan kan ka’e, siyaasa, dinagdee, amantiifi aadaa keessatti
hamma tokko hirmaachuu jalqabuu hubanna.
48

5 . CUUNFAA , ARGANNOO FI YAADA FURMAATAA

Kutaan kun dhimmoota sadi irratti xiyyeeffata. Inni duraa cuunfaa waliigala qorannichaati. Inni
lammaaffaa ammoo argannoo qorannichaa kan dhiheessu yemmu ta'u inni sadaffaa yaada
furmaataati.

5.1 Cuunfaa

Ragaaleefi odeeffannoon qorannoo kanaaf ta’an walitti qabamuun xiinxalamanii ibsamanirraa


yaadoleen armaan gadii akka cuunfaatti kaa’amanii jiru. Jireenya hawaasaa keessatti wantoonni
hedduun jiraachuu danda'u. Wantoota hawaasa waliin walitti hidhata qaban keessaa tokko
afoola. Afoolli afaaniin kan dhiyaatuufi kan raawwatuu ibsituu aadaati. Afoolli haala jireenya
hawaasa tokko murteessuufi kuufama beekumsaa kan fuulduraatti hawaasa fuudhee deemu ta'uu
isaa hubanna. Afoolli aadaa, duudhaa, safuu, ogummaa, falaasama,
amantaa, seenaa, ilaalcha, beekumsa uummataa, mudannoowwaniifi muuxannoowwan afaanii
gochaan dhalootarraa dhalootatti darbaa kan dhufeefi ammas darbaa kan jiru kalaqa hawaasaati.

Afoolli gooroowwanxixiqqaa baay'ee ofkeessatti qabata. Fakkeenyaaf, kan akka durdurii,


geerarsa, hibboo, ciigoo, jechama, faaruu loonii, mammaaksaafi kan kana
fakkaataniidha. Mammaaksi gooroowwan afoolaa keessaa isa tokko ta'ee afaaniin dhalootarraa
dhalootatti kan darbuudha. Mammaaksi yoomessa ittiin mammaakamu qaba. Kana
malees, mammaaksi amala garagaraa qaba. Fakkeenyaaf, uummatummaa, jijjiiramummaa, yo
omessa, lufummaafi kan kana fakkaatan kaasuun nidanda'ama.

• Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa mammaaksota Oromoo gadi qabaa dhiirotaafi


dubartootaa ibsan xiinxaluudha. Kunis mammaaksi Oromoo haala kamiin koorniyaa
lameen ibsuu akka danda'u qabiyyee isaatiin qooduun xiinxaluun adda baasuudha. Ka
namalees mammaaksoonnii sakatta'a galmeetiin argaman xiinxaluun hiikni itti
kennameera. Mammaaksi Oromoo haala garagaraatiin tuffii dhiirotaafi dubartootaa
akka ibsu hubachuun danda'amee jira. Innis gama beekumsa dhabuu, doofummaa,
hawaasummaa, dinagdee hogganuu dadhabuufi kan kana fakkaatan irratti tuffatamoo
ta’uu dubartootaa fi dhiirotaa agarsiisa. Mammaaksotaa kanneen irraa akka hubatametti
tuffatamuun dubartootaa kun mirga namuummaa isaanii irrattillee miidhaa
49

qaqqabsiisuu isaati. Kanaaf qammonni hawaasaa adda addaa dhimmoota gadi


aantummaa dubartootaa fi dhiirotaa irratti hanqinaalee jiran furuuf ilaalcha kana
hambisuuf iddoo hundatti hanqina irra cimina dubartootaa ibsuun osoo hubannoon
kennamee gaariidha.

5.2 Argannoowwan Qorannichaa

Haala kanaan argannoowwan qorannoo kanaas walduraa duubaan akkaataa qabxilee armaan
gadiin dhiyaatanii jiru.

• Mammaaksi Oromoo dhiirotaafi dubartootaa dhimmoota garagaraa keessatti


tuffatamuufi gadi qabamuu dhiirotaafi dubartootaa kan ibsaniidha.
• Mammaaksonni tuffii dubartootaa ibsan dubartoonni ofitti hinamaniniifi ejjannoo akka
hinqabaanne, xiinsammuu, hawaasummaafi diinagdee akka isaan irratti fideedha.
• Mammaaksonni gadi qabamuu dubartootaa ibsan kun dubartootarratti rakkoolee,
• Mammaaksoonni gadi qabaa dhiirotaafi dubartoootaa ibsan hawaasa keessa haajiraatan
malee qabiyyeefi ergaa isaanii garaagara.
• Hawaasni ilaalcha dhiirotaafi dubartootaaf qabu mammaaksa irratti hundaa’ee kan
ibsatu yoota’ellee baay’inni garuu kan dubartoota gadi qabaniidha.
• Mammaksota Oromoo keessatti dubartoonni; tuffatamoo, balleessituu, kan beekumsa
hinqabne yookiin wallaaloota, hojii gaarii hojjachuu kan hin dandeenye, jibbamtuu,
dhiiraaf kan uumamtefi qabeenya hogganuu irratti mirga kan hinqabne ta’uu
ibsameera. Kun ammoo dubartoonni tuffatamoo ta’uu isaanii birra darbee mirga
namuummaa isaanii irrattillee miidhaa qaqqabsiiseera.

5.3 Yaada Furmaataa

Mammaaksotaa akka ragaa qorannoo kanaatti walitti qabaman xinxaluudhaan yaanni


furmaataf nita’a jedhamee yaadamu akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.
50

• Barreessitoonni ogbarruu Oromoos mammaaksotuma hawaasaa keessaa walitti qabuun


kaa’uu qofa osoo hintaane xiinxaluun ergaa isaanii osoo kaa’aanii namoonni
dubbisanii irraa barachuu danda’u.
• Barnoota Afaan Oromoo keessaattis qabiyyee mammaaksotaa gadi qabaa dubartootaa
fi dhiirotaa ibsanirra kanneen cimina dubartoota fi dhiirotaa ibsan baay’inaan osoo
galchanii daree barnootaa keessatti cimina dubartootaa ittin barsiifamanii karaa sirrii
ta'uu danda’a.
• Waajjirri Aadaafi Turizimiifi Waajjirri dhimma dubartootaa osoo mata duree kana
irratti qorannoo wal madaalchisaa gaggeessanii hanqinaafi cimina dubartootaa
hawaasaaf ibsuun hamilee dubartootaa cimsuun dubartoonni olaantummaa dhiirotaan
akka hin golgamne gochuufi dhugaa jiru hawaasa barsiisanii.
• Mammaaksoonni gadi qabaa dhiirotaa ibsan qabiyyee fi ergaan kan dubartootaa irraa
adda haata’an malee gadi qabamuu dhiirotaa ibsu. Waanta’eef hawaasni mamaaksoota
kanneen gargaaramuurra osoo itti dhiyeenyaan gorsanii yookiin hubannoo kennaniifii
gaariidha.
• Dhimmoota hawaasummaa garagaraa taasifamu kanneen akka iddoo jaarsummaa fi
afoosha gara garaatti mammaaksota Oromoo cimina dubartootaa ibsan baay’inaan itti
fayyadamanii hawaasa barsiisuufis ta’ee ilaalcha namoota gadaantummaa dubartootaa
qabani jijjiiruuf yaalii taasisanii idoo hundattuu ilaalchonni kun walqixa jijjiiramuu
danda’u ta’a.
51

WABIILEE

Abraham Alemu. 2000. “Jimma Oromo Oral Prose Narratives: A preliminary Divscriptive
Analysis”. MA Thesis. Addis AbabaUniversityUnplishe.

Addunyaa Barkeessaa. 2014. Semmoo: Bu’uura Barnoota Afaaniifi AfoolaOromoo. Finfinnee:


Far East Traeding PLC.

Alamaayyoo Hayileefi Kanneen biroo.2006. Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa. Finfinnee:
Komishinii Aadaafi Turizimii Oromiyaa

Asafaa Tafarraa. 2009. Eela: Seenaa Oguma Oromoo. Finfinnee: Far East Trading Press.

Bascom, W.1965 "Folklore and Anthropology". Dundes, A. (ed.) The Study of Folklore.N. J.:
Prentice Hall, Inc.

Ben Amos. 1975. Towards the Definition of Folklore in Context, Reading in American
Folklore. South Asian publisher std. New pelhi.

Berhanu Mathews. 2009. Fundamental of Literature: Addis Ababa:Alpha Printers PLC.

Bukenya, R et al. 1994. Understanding Oral Litreture. Nairobi:Nairobi University Preess.

Dasta D.2002. Bu’uura Qorannoo Yuuniversitii FinfinneeFar East Trading PLC.

Fedhasaa Taaddasaa. 2013. Subii: Bu’uuraalee Ogbarruu Oromoo. Finfinnee: Mana Maxxansaa
Subii.

Finnegan, R. 1970. Oral litreture in Africa. Nairobi. Oxford University Press.

______.1976. Oral literature in Africa.Oxford University Press.

Filee Jaallataa 2019. Malleen Qorannoo. ADP Printing Finfinnee

Fiqaaduu Birruu. 2007.“Qacceessa Qabiyyee Mammaaksa Oromoo, Ijoolleefi Ijoollummaa”.


Yuunvarsiitii Addis AababaaKan Hinmaxxanfamiin. .

Gaaddisaa Birruu. 1991. Maalummaa Mammaaksa. Barruulee Jildi 4ffaa, Biiroo Aadaa fi
Beeksisa Oromiyaa Finfinnee.
52

Geetaachoo Rabbirraa 2008 Furtuu: Mana Maxxansaa Kurraaz Intarnaashinaal.

Gonfaa Tuggee 2008. Xiinxala Qabiyyeefi Bifiyyee Mammaaksota Oromoo Gorsa Eeyyantaa
Namaa Kennuuf Oolan: Waraqaa qorannoo MA. Yuunivarsiitii Finfinnee Kan Hin
maxxanfamne

Gumii Qormaata Afaan Oromoo 1991. Mammaaksa Oromoo, Jiildii-3ffaa Finfinnee: Biiroo
aadaafi Beeksisa Oromiyaa.

Irstee Akkawaaqaa 2012. "Qaaccessa sirna lufiinsa. Raawwii Sirna Da’umsaa" Yuuniversitii
Addis Ababaa. kan hin maxxanfamne.

Meider, Wolfgang.1997. The Poloties of Proverbs: Form Traditional Wisdom to Proverbal


Stress Types. The University of Misconsin press.

Misgaanuu Gulummaa 2011 .Dilbii: Bu’uura Afoola, Ogafaaniifi Walaloo Oromoo. Finfinnee:
Oromiyaa.

Nagarii Leencoo.1993.Wiirtuu Jildii.6. Barruulee Qormaata Waaltina Afaan Oromoo.


Finfinnee: Biiroo aadaafi Beeksisa Oromiyaa.

Okpewho, I. 1992. African Oral Literature. Bloomington and Indianapolis:India University


Press.

Sahilu Kidane. 1996. Borana Oromo Pross Narrativess Acontextual Study: Addis Ababa; MA
Thesis Inistitute of Language Studies. Unpublished

________.(2002). Borana Folktales.contextual study. London University king dam.

Soofiyaa,Warquu,Yeneenahfi kaawwan. 1999.Wiirtuu Jildii 9 Barrulee Qormaata Waaltina


Afaan Oromoo; Finfinnee kan Maxxansiise Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti
Qajeelcha Qormaataa Afaan Oromoo.

Sumner, Cloud. 1996. Oromo Wisdom literature: Proverbs, Songs, Folktales: An Anthology of
Oromo Literarure. Addis Ababa: Guddina Tumsa Foundation.

Tafarii Ayyaanaa 1998. Caasluga Afaan Oromoo. Aster Nega Puplishing Enterprise.
53

Tafarii Kumasaa .(2001). Qabiyyee Mammaaksa. Wiirtuu Jildii (9ffaa) keessatti Finfinnee
Mana Maxxansaa Artist.

Taylor. (1931). Introduction to Cultural Anthropology. U.S.A

Tesema Ta’a. 2004. Oromo Oral Poetery Seen From with in Oromo Traditional Songs. Druck
Erei Franz Hanse.

Wasanee Bashaa 1994. Qorii Qorsaa: Elleni P.P. plc

________ .(2000). Bantuu haaraa. Finfinnee:EMAY.

Wiirtuu.(1991). Gumii Qormaata Afaan Oromoo. Jiildii 4ffaa Biiroo Aadaafi Beeksisa
Oromiyaa.

______ (1992). Gumii Qormaata Afaan Oromoo. Jiildii 5ffaa Biiroo Aadaafi Beeksisa
Oromiyaa.

Yewayinxajji Daamxoo 2016 Qaacceessa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Cimina


Dubartoota Ibsan: Waraqaa Qorannoo MA. Yuunivarsiitii Finfinnee kan hinmaxxanfa
mne.

Zelalem Aberra. 2003. Translation from Oral to Written Oromo Poetery. In Journal of Oromo
Studies. Vol.10 Numbers 1 and 2.
54

DABALEEWWAN
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

DAAREKTOREETII SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII DURAAN


BOODDEE

Kolleejjii Saayinsiiwwan Hawaasaa Fi Namummaawwanii, Muummee Afaan Oromoo,

Ogumaafi Qunnamtii

Dabalee –A Mammaaksa Oromoo gadi qabaa (tuffii) dhiirotaafi dubartootaa agarsiisan

1/ Aannan Okolee badeet, ilmi eessuma bada.

2/ Abbaa gabaabaa ,ijoolleen hiriyaa seeti.

3/ Abbaa namaa hinbeektuu, garbicha namaan jetti.

4/ Abbaan cufaa karraati, haati utubaa manaati.

5/ Abbaa tufatan,” fardaan ushee,” jedhu.

6/ Afaan ulaa taa’aniif , abbaa manaa hinta’an.

7/ “Doofaa kanatti heerumuu mannaa, durbummaadhaan hafuu naa wayya,”Jetteintalli.

8/ jaarsaa fi dhuufuu, tabbatti dhiisan.

9/ jaartiin jaarsa mo’atte, dilbii baaftee gurgurti.

10/ jaartiin jaarsa mo’atte, guyyaan balbala cufatti.

11/ kunuu dhirsaa, galeetu mana ibsaa.

12/ lafti gadheen sanyii nyaatteeti, ilmiyartuun maqaa abbaa nyaatti.

13/ niitii gadheen, dhirsa hamatti.

14/ niitiin dhirsa moote, isa gandaa dhiira hinseetu.

15/ dhirsa humaa naangoonee, dhuufuun naajjeesee,” jette niitiin.


55

16/ dhirsiifi dhukkubni , kosiirraa ba’a.

17/ Ani nanbeekaan nadheenii, karra cufaatti oolchiti.

18/ Amaatii salphoo, daakuutti waamu.

20/ bakka nadheen baay’atetti, raafuun hinbilchaatu.

21/ Beekumsi dubartii, boroo hinbayu.

22/ Dubartiin lama hinbeektuu, tokko hinwallaaltu.

23/ Dubartiin dheertuu malee, beektuu hinqabdu.

24/ durattuu durattii, yaaojii dubartii.

25/ durba manatti, midhaan, alatti hinjajan.

26/ dubartii wajjin yoo taphatan, harka daakuutiin nama qabatti.

27/ nadheen furdoo malee, guddoo hinqabdu.

28/ nadheen mana hinqabdu, mana dhiiraa bulti.

29/ Ilma yartuu dhalchuu mannaa muka gaarii dhaabuu wayya.

30/ Harreefi dubartiin waan itti fe’an baatti.


56

YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

DAAREKTOREETII SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII DURAAN


BOODDEE

Kolleejjii Saayinsiiwwan Hawaasaa Fi Namummaawwanii, Muummee Afaan Oromoo,

Ogumaafi Qunnamtii

Dabalee –B Afgaaffii barsiisoota Afaan Oromoo barsiisanii dhiyaate

Kabajamtoota namoota odeeffannoo naaf kennitan, Af-gaaffiin kun kan qophaa’e, “Xiinxala
Mammaaksota Oromoo Dhiirotaafi Dubartoota Gadi qabanii: Kitaaba Mammaaksa Oromoo
Jildii -3ffaa Irratti Bu’uureffachuun” jedhu irratti. Kunis qorannoo sagantaa digirii lammaffaa (
MA ) ittiin guuttachuuf kan qophaa’eedha. Ragaaleen isin naaf kennitan kunis, dandeettii fi
muuxannoo keessan ittiin sakatta’uuf osoo hintaane, dhimma qorannoo kanaaf qofa kan oolu
ta’uu isaa beektanii, ragaa sirrii fi qabatamaa ta’ee akka naaf kennitan kabajaanan isin
gaafadha.

Odeeffannoo Dimshaashaa ragaa kennitootaa

Koorniyaa: dhiira_____dubartii_____umrii_____ Godina_________ aanaa_____ ganda______

Sadarkaa barnootaa: TTI _________ Dippiloomaa _______ Digirii ______ dig.2ffaa___

Duduraan dursee yeroofi iddoo naaf beellamtanitti naaf argamuu keessaniif galatoomaa. Egaa
har’a akka beellama keenyatti, Mammaaksota Oromoo Dhiirotaafi Dubartoota Gadi qabanii
irrtatti ragaa akka naafkennitaniifi. Yeroo keenya qusachuuf jecha odeeffannoo naaf kennitan
kana, yoo naaf eeyyamtan sagaleenan waraaba; yoo eeyyama keessan ta’uu baate immoo
barreeffamaanan fudhadha.
57

1. Mammaaksonni dhiirotaaf dubartoota gadi qabuuf mammaakaman beektuu?

2. Mammaaksoota gadiqabuu dhiirotaafi dubartootaaf mammaakaman


dhimmoota akkamiif itti gargaaramtu?

3. Mammaaksonni kunniin miidhaa qabu jettanii yaadduu?

4. Miidhaa qabu yoo jettaan miidhaaleen mammaaksota dhiirotaaf dubartoota gadi qabuuf
mammaakamanii maalii? Mee naaf ibsuu dandeessuu?

5. Miidhaaleen mamaaksoota dubartootaafi dhiirota gadi qabuuf mammaakamanii irra


caalaatti dubartootamoo warra dhiirotaa irratti mul’ata?

6. Hawaasni mammaaksoota dubartootaafi dhiirota gadi qabuuf mammaakaman haala


walfakaatuun itti fayyadmuu?

7. Haala walfakkaataniin miti yoo jettan, garaagarummaan mammaaksota dhiirotaafi


dubartoota gadi qabuuf mammaakamanii maalii?

8. Mammaaksonni gadi qabamuu koorniyaalee lameenii kun dhimmoota maal maal irratti
hundaa’uun mammaakaman sitti fakkaata?

9. Yeroo ammaa itti fayyadamni mammaaksoota dhiirotaaf dubartoota gadiqabanii maal


fakkaataa?

10. Akka yaada keessaniitti mammaaksoonni akkanaa kun hawaasa keessatti bal’inaan itti
fufuu qabu jettanii yaadduu?

Galatoomaa!
58

YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

DAAREKTOREETII SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII DURAAN


BOODDEE

Kolleejjii Saayinsiiwwan Hawaasaa Fi Namummaawwanii, Muummee Afaan Oromoo,

Ogumaafi Qunnamtii

Dabalee –C: Maqaa Namoota Ragaa kennanii

T/L Maqaa Saala Umrii Ghee hojii Ganda


1 Obbo Lammeessa Tarreessa dhi 28 b/saa Baatee

2 Obbo Gammachiis Burqaa dhi 30 B/saa Baatee

3 Obbo Dinqaa Olaanaa dhi 29 B/saa Baatee

4 Obbo Baacaa Dalasaa Dhi 34 B/saa Baatee

5 Adde Loomii Kabbadaa dha 30 B/siistuu Baatee

6 Adde Kabbabuush Dagafaa dha 40 B/siistuu Baatee

You might also like