You are on page 1of 107

XIINXALAQABIYYEEWWAN AFWALALOO DIKKOO

DUBARTOOTA OROMOOHARARGEEAANAA GURAWAA

QORANNOO SAGANTAA BARNOOTADIGRII LAMMAFFAA(MA)

MOHAMMAD-KAMAAL USMAAN MUUSSAA

Muddee, 2021
Yuunivarsitii Haramaayaa, Haramaayaa
XIINXALAQABIYYEEWWANAFWALALOODIKKOO: DUBARTOOTA
OROMOOHARARGEEAANAA GURAWAA

Qorannoo Sagantaa Barnoota Digrii Lammaffaa (MA) Muumme Afaan


Oromoo, Ogumaafi Qunnamtiif Kan Dhiyaate

Daarektoreeta Sagantaa Barnoota Digrii Duraan Boodaa


YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Ulagaalee Itti Guuttannaa Gartokkee Digrii Lammaffaa (MA) Afaan
Oromoofi Ogumaa Barsiisuutiin

Mohammad-kamaal Usmaan Muussaa

Muddee, 2021
Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa
i

YUUNIVARSII HARAMAAYAA
SAGANTAA BARNOOTA DIGRII DURAAN BOODAA

Qorannoo ulaagaa digrii lammaffaa (MA) Afaan Oromoo, Ogumaafi Qunnamtiin guuttachuuf
Mohammadkamaal Usmaan mata duree, XiinxalaQabiyyeewwan Afwalaloo Dikkoo: Oromoo
Harargee Aanaa Gurawaa jedhurratti qophaa’e ulaagaa barnoota sadarkaa digrii duraan boodaa
Yuunivarsiitichaa guutee kan dhiyaateedha.
_______________________ __________ ________
Gorsaa ijoo mallattoo guyyaa
________________________ __________ ________
Gorsaa aantee mallattoo guyyaa

Koree Madaallii waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digrii Lammaffaa (MA) tokkootti qorannoo
Mohammadkamaal Usmaanin qophaa’e sirritti dubbisuufi madaaluun qorannichi ulaagaa
qorannoo digrii lammaffaa (MA) Barnoota Afaan Oromoo, Ogumaafi Qunnamtii guuttachuuf
qophaa’e kan guutuudha.
___________________________ ________ _______
Walitti Qabaa mallattoo guyyaa
___________________________ _________ _______
Qoraa keessaa mallattoo guyyaa
___________________________ _________ ________
Qoraa Alaa mallattoo guyyaa
ii

GALATA

Duraan dursee Waaqafayyaa naaf kannee asiin nagaheef galata guddaan galcha. Itti aansuun
jalqabaa hanga dhumaatti nuffii tokko malee haamilee guutuudhaan yeroofi humna isaanii osoo
narraa hinqusatin barreeffama hojii koo gadi fageenyaan dubbisuun gorsaafi yaada ijaarsaa naaf
kennuun milkaa’ina hojii kootiif tumsa guddaa kan naaf godhan gorsaa ijoo kookan ta’an Dr.
Jeeyilaan Amaan guddiseen galatoomfadha. Akkasumaas gorsaa aantee kookan ta’an Gargaaraa
Profeesaraa Fiqaaduu Baldaa yaada ijaarsaafi gorsa isaan naaf taasisaniif galata guddaan
galchaaf.Hiriyaa koo kan yaada ijaarsaa naa gumaachuun akka hojiin kun fiixa bahuuf na tumsaa
ture barsiisaa Ahmadnur Mohammad tumsa isaatiif ni galateeffadha. Kana malees haadha warraa
koo Aadde Feeynusaa Naasir daa’imman koo kunuunsuun cinatti hamileefi yaadaan na bira
dhaabbachuun akkaan an of duuba hin yaanne gochuu keetiifhedduunsi galateeffadha. Itti
dabalees haadhaa koo Aadde Halimaa Xaahiriifi abbaa koo Obbo Usmaan Muussaa akkaan hojii
qorannoo kana fiixaan baasuuf yaadaan na deeggaruu isaaniif galanni koo guddaadha..Gama
birootiin wayta dirree qorannoo bobba’etti tajaajila garagaraa gochuun kan na tumsaa turan
soddaa koo Aadde Hindiyaa Ahmed baay’iseen galateeffadha. Akkasumaas ragaalee qorannoo
barbaachisu gumaachuu keessatti qooda olaanaa gumaachuu isheetiif galata argadhu jedhaani.
Dhuma irratti obboleewwan koofi namoota yaadaafi waan danda’an hundaan na cinaa
dhaabbatan hundumaaf galanni koo guddaadha.
iii

AXEERERA
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo Godina Harargee Bahaa Aanaa
Gurawaa xiinxaluudha.Qorannoon kun kan barbaachiseef dhaloonni har’a waa’ee afwalaloo
dikkoo hin beekne hojii qorannoo kanaan muuxannoo dikkoo irraa argataniin jiruufi jireenya
isaanii keessatti akka itti gargaaramaniidha.Saxaxni qorannoo kanaa saxaxaqorannoo
akkamtaati.Sababni isaas qorannoon kun mal lakkoofsaan alaa yookiin jechaan ibsuuti waan ta’eefi.
Maddi ragaalee qorannoo kanaa irra caalmaan madda ragaa tokkoffaati. Maddi ragaa lammaffaas
hangi tokko hammatameera. Iddattoon qorannoo kanaa immoo manguddoota dubartootaa kanneen
muuxannoo afwalaloo dikkoo qabaniidha. Malleen iddatteessuu qorannoo kana keessatti itti dhimma
bahame akaakuu mala iddatteessuu miti-carraaa ta’ee isaan keessaa malleen iddatteessuu akkayyoofi
darbaadabarsaati. Sababni akkayyoon filatameef manguddoota ragaa qorannoo kanaaf barbaachisu
irraa argatu qorataan dursee waan beekuuf mala akkayyoo kana gargaaramuun iddattoo qorannichaa
taasifateera; darbaadabarsaa filatameef immoo namoota afwalaloo dikkoo irratti beekumsa qaban garaa
namoota birootiin argate iddattoo taasisuuf kan gargaarameedha. Malleen funaansa ragaalee
qorannichaaiaf-gaaffii, marii garee xiyyeeffannaafi daawwannaadha.Malleen kunneen qorannoo
akkamtaa keessatti malleen filatamoo ragaalee qorannoo funaanuuf gargaaraniidh. Akkasumaas mala
qaaccessa ragaalee qoraanaa mala qaaccessa akkamtaaa keessaa mala qaaccessa qabiyyeeti.Ragaalee
malleen funaansa ragaaleetiin funaanaman irratti hundaa’uun qaaccessa taasifameen qabiyyeewwan
afwalaloo ijoo ta’an: balaaleffannaa gowwaa, jaalala hiriyaa, ibsa hariiroo hawaasummaa, gorsa,
arrabsoo, daa’ima faarsuu, ibsa waliin jireenyaa, ibsa miira ofii…kkf ta’uu ibsameera. Gama biraatiin
afwalaloon dikkoo hawaas-diinagdee dubartootaa keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu ishee
xiinxalameera. Gama biraatiin afwalaloo dikkoo irratti yeroo ammaa wantoonni dhiibbaa uumaa jiran
maal fa’a akka ta’e eerameera.Akkasumaas afwalaloo dikkootti dubartoonni gargaaramaa jiraachuu
dhabuun hubatameera. Kanaafuu. Aadaafi duudhaa dubartootaa kan ta’e afwalaloon dikkoo
hirraanfatamaa waan jiruuf akka hin dagatamne gochuuf xiyyeeffannoo barbaachisa.Kunis dhalootni
har’aa barbaachisummaa dikkoo hubatanii xiyyeeffannaa kennuuf qabu. Akkasumaas namoonni
quuqama aadaafi duudhaa hawaasaa qaban wantoota afwalaloo dikkoo irratti dhiibbaa eesisaa jiran
dura dhaabbachuun afwalaloon dikkoo deebi’aa haala itti tajaajiluu malu fala kaa’uu qabu. Gama
birootiin biroon aadaafi turizimii sadarkaa adda addaatti hundeeffamanii jiran afwalaloo dikkoo irratti
xiyyeeffatanii kan hojjetan yoo ta’e dikkoon akka hin dagatamne gochuuf furmaata ta’a. Akkasumaas,
dhiibbaalee gama amantiifi ammayummaatiin afwalaloo dikkoo irra gahaa jiru hambisuuf hubannoo
kennuu keessatti qoodni biiroon aadaafi turizimii qabu murteessaadha. Dabalataanis afwalaloon dikkoo
dagatamee akka hin hafne gochuuf qaamni dhimmi kun ilaalu marti dikkoo irratti hojjechuu qaba.
1

BAAFATA
Qabiyyeewwan Fuula
GALATA ii
AXEERERA iii
1. SEENSA 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa 1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa 5
1.3. Gaaffiilee Bu’uuraa Qorannichaa 6
1.4. Kaayyoolee Qorannicha 6
1.4.1. Kaayyoo Gooroo Qorannichaa 6
1.4.2. Kaayyoolee Gooree Qorannichaa 7
1.5. Barbaachisummaa Qoranichaa 7
1.6. Daangaa Qorannichaa 7
1.7. Hanqina Qorannichaa 8
2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMMII 10
2.1. Yaadiddama Qorannoo Fookloorii 10
2.2. Maalummaa Ogafaanii 12
2.3. Gooroowwan Ogafaanii 13
2.4. Maalummaa Afwalaloo 14
2.5. Qoqqooddii Afwalaloo 17
2.6. Afwalaloowwan Oromoo 18
2.6.1. Afwalaloo Amantii 18
2.6.1.1. Faaruu Irreecha 19
2.6.1.2. Faaruu Wadaajaa 21
2.6.1.3. Faaruu Ateetee 21
2.6.2. Afwalaloo Al-Amantii 23
2.6.2.1. Faaruuwwan Loonii 23
2.6.2.2. Mirrisa 23
2.6.2.3. Geerarsa 24
2.6.2.4. Afwalaloo Hojii 25
2.7. Maalummaa Afwalaloo Dikkoo 27
2.8. Qorannoowwan Aantee 28
3. XIINMALA QORANNICHAA 31
3.1. Ibsa Iddoo Qorannichaa 31
3.2. Saxaxa Qorannichaa 31
3.3. Madda Ragaalee Qorannichaa 32
3.4. Iddattoofi Mala Iddatteesuu 32
3.4.1. Iddattoowwan Qorannichaa 33
3.4.2. Mala Iddatteessuu 33
3.5. Malleen Funaansa Raragaalee 34
3.5.1. Afgaaffii 34
3.5.2. Marii Garee Xiyyffannoo 35
3.5.3. Daawwannaa 36
3.6. Adeemsa Funaansa Ragaalee 36
3.7. Mala Xiinxala Ragaalee 38
3.8. Naamusa Qorannoo 39
4. DHIYEESSA, QAACCESSAAFI IBSA RAGAALEE 40
4.1. Qabiyyeewwan Afwalaloo Dikkoo 40
4.1.1. Balaaleffannaa Gowwaa 41
2

4.1.2. Addaan Fageenya 44


4.1.3. Gorsa 46
4.1.4. Jaalala Hiriyaa 48
4.1.4.1. Hiriyaa Dhiiraa 48
4.1.4.2. Jaalala Shamarranii 50
4.1.5. Miidhadina Walii Faarsuu 52
4.1.6. Ibsa Miira Ofii /Hawwii/ 55
4.1.7. Arrabsoo 56
4.1.8. Ibsa Mufannaa / Qeeqa/ 58
4.1.9. Ibsa Wajjiin Jireenyaa 60
4.1.10.Daa’imman Faarsuu 62
4.1.11.Ibsa Hariiroo Hawaasummaa 64
4.1.12.Dikkoon Weedduu Shamarranii Ta’uu Yogguu Ibsamu 66
4.2. Faayidaalee Afwalaloon Dikkoo Hawaas-Diinagdee Keessatti 67
4.2.1. Hawaasummaa Dubartootaa Cimsuu 67
4.2.2. Gahee Afwalaloo Dikkoo Diinagdee Keessatti 72
4.3. WantootaAfwalaloo Dikkoo Irratti Dhiibbaa Fidaa Jiran 76
4.3.1. Jijjiiramaa Dhufuu Haala Jiruufi Jireenya Hawaasaa 76
4.3.2. Ammayummaafi Babal’achuu Magaalaa 78
4.3.3. Ilaalchota Amantii Muslimaa 79
4.4. Haala Itti Fayyadama Afwalaloo Dikkoo Yeroo Ammaa 80
5. CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO 82
5.1. Cuunfaa 82
5.2. Argannoo 83
5.3. Yaboo 84
WABIILEE 86
DABALEEWWAN 88
1

1. SEENSA

Boqonnaa kana jalatti seenduubee qorannichaa, ka’umsa qorannoo, barbaachisummaa, gaaffilee


bu’uuraa,kaayyoo qorannichaa, daangaa qorannoofi hanqina qorannootu dhiyaata.

1.1. Seenduubee Qorannichaa

Afwalaloon gooroo ogafaanii keessaa kan umrii dheeraa qabu ta’ee durii kaasee hanga har’aatti
seenaa, mudannoo, muuxannoo jiruufi jireenyaa, safuu, falaasamaafi kkfdhalootarraa dhalootatti
dabarsaa as gaheedha.Afwalaloon gooreewwan ogafaanii keessaa dandeettii ergaa gadi fageenya
qabu dabarsuufi miira namootaa qirqixuu keessattihumna cimaa qabaachuun hawaasicha
keessatti bal’inaan kan beekamuudha.Kana malees, afwalaloon dandeettii kalaqa sammuu
cimsuu, gadi fageenyaan xiinxaluu namootaa, yeroodheeraaf sammuu namaa keessa turuufi
dandeettii waa yaadachuu cimsa. Akkasumaas Wanyama (2005) yoo ibsu akkas jedha,
afwalaloon namoonni bilisa ta’anii yaada, ilaalchaafi qeeqa qaban akka ibsataniif carraa uuma.
Waloon yookiin afooleen tokko afwalaloon gargaaramee bakka jamaan isaa ijoolleefi namoonni
ga’eessotaa argamanitti hiika dhoksuunergaa addaa namoota ga’eessa ta’an qofaaf dabarsuu
danda’a (2005). Kun kan mul’isu ergaa afwalaloo hubachuuf sadarkaan guddina dhala namaafi
bilchina sammuu waliin walitti hidhata kan qabuudha. Wanyama (2005) afwalaloo Ummata
Bukusu kan Keeniyaa keessa jiraatan namoonni umruu ijoolummaa xumuranii wayta
ga’eessummati cee’an akka isaan beekumsaafi muuxannoo aadaa keessa jiru irraa fayyadamaniif
carraa itti fayyadamaa waliin itti gaafatamummaa haaraatu kennamaaf. Sababni isaas barnoonni
baay’ee kan darbu karaa afwalalootii waan ta’eefi (2005).

Haata’uu malee afwalaloon Ummata Afrikkaa yeroo dhihoo as galumsa hawaasa keessatti ittiin
tajaajilaa ture dabalatee haala waliigala afwalaloo irratti dhiibbaan garagaraa gahaa tureera.
Afwalaloo Afrikkaa irratti wantoonni dhiibbaa geessisan ilaalcha warra koloneeffattootaa,
babal’achuu magaalotaa, jijjiirama jaarmayoota siyaasaa, amantiiwwan alarraa dhufan,
jijjiiramuu haala jiruufi jireenya hawaasaa, fedhii ammayummaa hordofuuf jiru fa’a (Finnegan,
2012; Wanyama, 2005). Qabxiiwwan olitti tarreeffaman irraa kan ka’e haala raawwiifi akkaataa
(style) afwalaloon itti tajaajilaa turte irratti dhiibbaan uumameera. Sababoota olitti tarreeffama
2

irraa kan ka’e afwalaloon baay’een akka dagataman ta’eera. Keessattuu biyyoota Afrikkaa
amantiin muslimaa keessatti babal’ate keessatti aadaafi ogafaan naannawichaa irra dhiibbaa
gahaa tureera. Yaada kana kan deeggaru Finnegan (2012:54) yoo ibsitu, “Above all it ignores the
vast spread of Islamic and thus Arabic influences over many areas of Africa, profoundly
affecting the culture, religion, and literature.”Yaada kana irraa kan hubannu babal’achuun
amantii muslimaa aadaa, amantii jalqabaa (indegious religious)fi ogbarruu Ummata Afrikkaa
irratti dhiibbaa uumaa turuudha.

Ummanni Oromoos Ummata Afrikkaa keessaa tokko waan ta’een haalonni olitti ibsaman
kunneen afwalaloo Oromoo dabalatee ogafaan biro irra dhiibbaan gahaa tureera. Wantoota
dhiibbaa aadaafi ogafaan [ogwalaloo] Oromoo irratti geessisaa turan keessaa tokko siyaasa warra
Habashaati. Yaada kana ilaalchisee Makuriyaan (1994:91) yoo ibsu, “The underdeveloped status
of Oromo literacy is mainly attributable to the amharization policy of consecutive Ethiopian
Govt’s over the last of one hundred years. These govts have not only neglected, but have also
actively suppressed the dev’t of Oromo litreture." Yaadni kun kan ibsu ogbarruun [ogwalaloon]
Ummata Oromoo akka hin guddanne quucarsuun imaammata Amaaromsuu ‘Amharization’
qabatee mootonni Habashaa waggaa dhibbaa ol hacuuccaa hamaa gaggeessuu isaaniiti.Gabama
birootiin haalli jiruufi jireenyaa, guddinni saayinsiifi teeknoloojii, geeddarumsi siyaasaafi
hawaasummaa afwalaloo irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u Asafaan (2009) yoo ibsu akkas
jedha, “Ogafaan seenaa hawaasa tokkoo keessatti haalli geeddarumsa jiruufi jireenyaa dhiibbaan
saayinsiifi teeknooloojii, siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa mul’achuu danda’a.Sababa kanaan
hawaasni aadaa mataa isaa dhiisee kan biroo faana dhahuu jalqaba,”

Afwalaloo gooroowwan isheetti qoqqoodanii ibsuuf ulaagaaleen irratti waliigalamu kan lafa
kaa’ame hin jiru. Haata’uu malee haala qoqqoodinsa afwalaloo Finnegan (2012)fi Okpewho
(1976) yoo ibsan, afwalaloo qoqqooduu keessatti wantoonni akka ulaagaatti gargaaran qabiyyee,
tajaajila hawaasa keessatti kennu, haala galumsaa hawaasichaa keessattiifi dhimmoota
afwalaloon wal qabatan irratti hundaa’uun qoqqooduun danda’ama. Kanaafuu yaada kanarraa
kan hubannu afwalaloo tajaajila, qabiyyeefi haala galumsaa irratti hundaa’uun akaakuuwwan
garagaraatti qooduu danda’eenya jechuudha. Haaluma kanaan afwalaloo qabiyyee, haala
galumsa hawaasaafi faayidaa isheen hawaasa keessatti qabdu irratti hundaa’uun afwalaloo
sirbaa, weedduu cidhaa, boochisaa, taphoota daa’immanii, geerarsa, ateetee, faaruu loonii, faaruu
3

daa’immanii, afwalaloo hojiifi kanneen birootti qooduun ibsuun ni danda’ama (Finnegan, 2012;
Okpewho, 1976: Wanyama, 2005).

Akaakuu afwalaloo keessaa tokko afwalaloo hojii kan yeroo garagaraa hojjetan itti
garagaaramaniidha. Afwalaloon hojii kun hawaasa kamiyyuu keessatti akaakuu hojiiwwan
garagaraa yoo hojjetan dadhabbii irraa qaamaafi sammuu boqochiisuuf kan itti dhimma
bahamuudha.Gooroon afwalaloo hojii kun gooroowwan afwalaloo keessaa hawaasa Afrikkaa
baay’ee biratti gooroo bal’inaan argamu ta’uu (Finnegan, 2012:234) ni ibsiti.Gama birootiin
afwalaloon hojii haala jireenyaa kan waliigalaa irratti qeequuf, taateewwan naannoo, dhiima
jaalalaafi hiriyummaa irratti yaada qaban ibsachuuf garagaara. Akkasumaas afwalaloon hojii
diddaaa (protest), hawaasummaa ittiin ijaaruuf, seenaafi mudannoo qaban dhalootaa dhalootatti
ittiin dabarsuuf itti gargaaramu. Seenaan dubartootaa Afrikkaa yeroo daldala garbaa
Ameerkaattiguguraman irraa kan hubannu dubartoonni kunneen afwalaloo hojiitti gargaaramuun
seenaafi mudannoowwan isaanii dhalootaa dhalootti itti dabarsaa turaniiru (Marco, 2014).
Akkasumaastoora interneetii <https://www.en. wikipedia.org/w/index> irraa odeeffannoon
argame afwalaloo hojii dubartoota Afrikkaanota-Amerkaa ilaalchisee akkas jedha, “Work songs
helped to pass down information about the lived experience of enslaved people to their
communities and families.” Yaada kanarraa kan hubannu dubartoonni Afrikkaa sababa daldala
garbaan Ameerkaatti galan roorroo irra gaheefi taatee isaan mudate afwalaloo hojii
gargaaramanii ijoollee isaaniifi dhaloota dhufuuf akka darbu taasisaa turaniiru.

Gama biraatiin afwalaloon hojii duudhaan hawaasaa dhalootarraa dhalootatti akka darbu gochuu
keessatti gahee olaanaa qaba. Seenaan weedduu hojii dubartoota hidda dhaloota Afrikkaa kan
Ameerkaa akka ibsutti weedduu hojii gargaaramuun akka duudhaan hin banne taasisaniiru.
Akkasumaas weedduu hojii garaaramanii diddaafi mirga daldala garbaa jalaa walaboomuu ittiin
ibsachaa turaniiru. Haaluma wal fakkaattuun akka Marco (2014) ibsutti, Afrikkaanonni sirna
gabrummaan Ameerkaatti godaanan yeroo hojii humnaa kanneen akka biqiloota dhaabuu, jibrii
funaanuufi kan birootti bobba’an sirboota qonnaa sirbuun of gammachiisurra darbee akka
duudhaan Ummata Afrikkaa hinbanne gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa turaniiru. Gara
biraatiin immoo dubartoonni Afrikaan-Amerkaan ta’an kunneen daa’imman isaanii ittiin
sossobuufi akka rafan gochuuf akkasumallee dhimmoota koorniyaa irratti qeeqa yookiin komii
ibsachuuf faaruu hojii fayyadamaa turaniiru, <https://www.en.wikipedia.org/w/index>.
4

Afwalaloon hojii bakka baay’eetti bifa waljalaa qabuutiin (call and response) kan
weeddifamuudha. Kana jechuun nama weedduu jedhuuf ‘weedbasa’ akkasumallee kan jalaaqabu
(chorus)tu jira. Afwalaloon hojii Ummata Afrikkaa baay’ee biratti unka walfakkaataa akka qabu
(Finnegan, 2012) ni ibsit. Faayidaa afwalaloo hojii bifa waljalaa qabuun faarfamuu ilaalchisee
Esheteen, (2007) akkasitti ibsa, “The weedduu hujii (work song) is sung to reinforce belonging
together, solidarity and friendship.” Yaada kanarraa kan hubannuafwalaloon hojii yeroo hojii
weeddisan miseensota hojii san jidduttiwaliin jireenya, tokkummaafimiirri hiriyummaa akka cimu
jajjabeessa.

Gama biraatiin afwalaloon hojii amala waljalaa qabuutiin sirbamu kun walhubannaafi hariiroo
gaarii miseensota jiddutti uumuu bira taree yeroo hojiitti si’aahina olaanaan yeroo gabaabaa
keessatti hojii waloo akka raawwatan gargaara. Adeemsa kana keessatti si’aahina kan uumu
haala rukuttaa walaloofi haalli hojiin itti raawwatu walfaana waan deemuufi. Yaada kana
afwalaloo hojii kan dubartoota biyya Seeraliyoo kan ummata Limba irratti hundaa’uun Finnegan
(2012) akkasitti ibsiti, “The beat and song keep the line exactly together, and there is a feeling of
competition and excitement which keeps all in their places with no falling behind or faltering. In
this way the huge farm gets hoed with incredible speed, and the Limba themselves point to the
importance of the songs in adding both efficiency and pleasure.”

Baanuu olii kanarra kan hubannu sirbi hojiifi haalli rukuttaan sirba hojii akka tartiibni sochii
namootaa wal hin faallessine kan eeguufi miira waldorgommii jidduu isaaniitti uumuudha.
Akkasumaas hojiin ulfaataan kamiyyuu yeroo gabaabaa keessatti miira gammachuufi gahumsaan
akka hojjetamuuf barbaachisaa ta’uu ibsa.Haata’uu malee afwalaloon hojii yeroo ammaa kana
keessa sababoota duratti ibsaman irra kan ka’e bakka baay’eetti tajaajila kennaa hin jirtu.
Afwalaloon hojii dagatamaa jiraachuun immoo seenaa, muuxannoo, falaasamni, duudhaan,
hawaasummaafi eenyummaa hawaasaa akka baduu danda’u taasisa.

Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa afwalaloo dikkoo dubartootaa Oromooo Harargee Bahaa Aanaa
Gurawaa qabiyyee ijoo isaaniitti qoqqooduun ibsuudha. Afwalaloon dikkoo akaakuu afwalaloo
hojii kan dubartoonni yeroo hojii akka dadhabbiin itti hin dhagahamneef jecha kan
weeddisaniidha. Afwalaloon dikkoo afwaloo hojii unka waljalaa qabuutiin dubartoonni yeroo
hojii mooyyee tumaniifi daakuu daakan kan sirbaniidha. Dubartoonni afwalaloo dikkoo
5

fayyadamuun jireenya hawaasummaa, jaalala, wantoota naannoo, haala jiruufi jireenyaa irratti
yaadaafi qeeqa qaban ibsatu. Afwalaloon dikkoo akaakuu afwalaloo hojii waan ta’eef bifa
waljalaa qabuutiin dubartoonni yeroo hojii irra jiranitti weeddisu.

Haalli yeedaloofi sochii qaamaa akkaataa hojiin itti raawwatu waliin kan walqabatuudha. Kana
jechuunis yeroo dubartoonni jilbiiffatanii daakuu dhagaa irratti daakanitti yeedaloon dikkoofi
sochiin qaamaa dubartoonni taasisan kan walfaana deemuudha. Dhagaan daakuufi majiin isaan
ittiin daakan akka meeshaa muuziqaatti tartiibni yeedaloofi sochii dubartootaa waliin deemu
taasisa.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Ka’umsa qorannoo kanaa kan ta’e keessaa tokko afwalaloon dikkoo yeroo ammaa kana keessa
tajaajilaa jirachaa dhabuu isaati.Dikkoon akaakuu afwalaloo hojii kan dubartootni Oromoo
Harargee yeroo hojii mooyyee tumaniifi daakuu daakan weeddisaniidha. Dubartoonni Oromoo
Harargee dikkoo gargaaramuun hariiroo hawaasummaa, walitti dhufeenya hiriyummaa, tola-
ooltummaa,waliif yaaduufi miira aantummaa horachaa turaniiru. Akkasumaas dikkoon
rakkoowwan hawaas-diinagdee dubartootaa furuu keessatti qooda olaanaa qabaachaa turte.
Haata’uu malee dubartoonni yeroo har’aa afwalaloo dikkootti gargaaramuun isaanii hin
mulla’atu. Haalli kun immoo adeemsa keessa dikkoon dagatamaa deemuun baduu waan maluuf
baay’ee yaaddessaadha.

Kanumarraa kan ka’e aadaan gaariin eenyummaa dubartoota Harargee calaqqisu kun
dagatamuun miidhaa guddaa waan ta’eef qorataan dhimma afwalaloo dikkoo irratti qorannoo
akka taasisuuf isa kakaase. Dikkoon muuxannoofi seenaan dubartootaa dhalootarraa dhalootatti
akka daddarbu gochuu keessatti gaheen qabaachaa ture olaanaadha. Muuxannoofi beekumsi
dubartootaa qabiyyee afwalaloo dikkoo irraa hubannu rakkoowwan dubartootaa yeroo har’aa
gama hawaasummaa, diinagdeefi xiinsammuun isaan mudachuu danda’uuf fala ta’uu danda’a.
Akkasumaas hiriyummaan gaariin dubartoota jidduu akka jiraatu gochuu keessatti
afwalaloondikkoo gahee waan qabaatuuf dikkoon baduun miidhaa guddaadha. Garuu yeroo
ammaa kana hiriyummaa dhugaa akka dur san dubartootaa jidduu jiraachuu dhabuu isaaa yaadni
6

namootaa irraa ka’u ni ibsa. Akka yaada namootaatti yeroo har’aa sababa hiriyummaa laafuu
irraa kan ka’e ofitummaa, namalee, nam-tokkummaafiof-qolummaanbal’inaan mul’ata.
Gama biraatiin qorannoon kun xiinxala qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo dubartoota Harargee
irratti qorachuuf ka’umsa kan ta’e keessaa kan biraaakaakuun afwalaloo dubartootaa kun
muuxannoofi dandeettii aartii dubartootaa waan calaqqisuuf, afwalaloowwan dikkoo waraabuu
galmaa’ee dhaloota dhufuuf akka turu taasisuudha. Akkasumaas qabiyyeewwan afwalaloo
dikkoo keessa dhimmoota jiran ibsuun dhaloonni har’aa dikkoof xiyyeeffannoo akka godhan
taasisuu barbaadameeti. Sababni isaas dhaloonni har’aa aadaa ofii dagachuu irra kan ka’e
bashannanaafi ittiin buhaaruuf jecha aadaa alagaa jala deemaa jiru waan ta’eef, dikkoon
bashannana dubartootaa akka turte ibsuun dhaloonni har’aa gara aadaa isaanii deebi’anii dikkotti
bashannanuu danda’an akeekuufi.

1.3. Gaaffiilee Bu’uuraa Qorannichaa


Qorannoo kana keessatti gaaffilee armaan gadi deebii argatu.
1. Qabiyyeewwaniifi ergaaleen afwalaloo dikkoo maal maal fa’i?
2. Fayidaaleen afwalaloon dikkoo hawaasummaafi diinagdee keessatti dubartoootaaf qabu
maal fa’a?
3. Yeroo ammaa wantoonni afwalaloo dikkoo irratti miidhaa geessisaa jiran maal maal fa’a?
4. Haalli itti fayyadama afwalaloo dikkoo yeroo ammaa maal irra jira?

1.4. Kaayyoolee Qorannicha

Qorannoon kun kaayyoo gooroofi kaayyoolee gooree of jalaa qaba. Isaan kunneenis gabaabinaan
akka armaan gadiitti ibsameera.

1.4.1. Kaayyoo Gooroo Qorannichaa

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo dubartoota Oromoo


Harargee Aanaa Gurawaa xiinxaluu irratti xiyyeeffata.
7

1.4.2. Kaayyoolee Gooree Qorannichaa

1. Afawalaloo dikkoo qabiyyeewwaijoo isaatiin qaaccessuu,


2. Faayidaaleeafwalaloon dikkoo hawaas-diinagdee dubartootaaf qabu xiinxaluu,
3. Wantoota afwalaloo dikkoo irratti miidhaa geessisaa jiran tarreessuu.
4. Haalli itti fayyadama afwalaloo dikkoo maal akka fakkaatu ibsuu.

1.5. Barbaachisummaa Qoranichaa

Qorannoon kun bu’aalee armaan gadii qabaatamaa armaan gadii qabaata. Isaanis:
 Qaamoleen hawaasaa keessattuu shamarran afwalaloo dikkoo irratti hubannoo hinqabneef
tokkummaan dubartootaa hawaasa keessatti akkaataa ittiincimuu danda’u akka hubatanii
aadaa gamtoomaa, tol-ooltummaafi waldeeggarsaa /waliif yaaduu/ cimsachuun akka walii
jiraataniif madda odeeffannoo ta’ee tajaajila.
 Qorannoon kun afwalaloon dikkoo dubartootaa dubartoota Harargee beeksisuu keessatti
gahee qaba. Jechuunis qorannoon kun dhaabbita barnoota olaanoo keessatti kan hojjetame
ta’uu irraa kan ka’e hojii qorannoo kanarraa maalummaa afwalaloo dikkoo kutaalee Oromiyaa
biroo biratti akka beekamu taasisuu keessatti gahee qaba.
 Akkasumaas, Biiroo Aadaafi Turizimii Aanaa Gurawaa dabalatee kanneen sadarkaa adda
addaatti hundeeffamanii jiran afwalaloo dikkoo irratti qorannoo taasisuu barbaadaniif
ka’umsa ta’uuf danda’a. Haaluma walfakkaatuun namoota gara fuula duraatti mata duree
afwalaloo dikkoo irratti qorannoo taasisuu barbaadaniif akka madda ragaatti gargaaruu
danda’a.
 Dabalataanis qorannoo kanaan maalummaa afwalaloo dikkoo kutaalee Oromiyaa biroo biratti
beeksisuu danda’a. Haalli itti ta’uu danda’uus qorannoon kun barnoota olaanoo keessatti
dhiyaachuu irraa kan ka’e barattoonni godinoota Oromiyaa garagaraa irraa dhufanii
Yuunivarsiitii kanatti baratan waraqaa qorannoo kana yoo dubbisan ta’e maalummaa dikkoo
barachuu danda’u.

1.6. Daangaa Qorannichaa

Afwalaloon dikkoo Oromoo Harargee hedduu biratti argamu ta’ullee qorannoo kun afwalaloo
dikkoo Oromoo Harargee Aanaa Gurawaa qofa irratti xiyyeeffata. Akkasumaas qorannoon kun
8

araddoota Aanaan Gurawaa qabu keessaa araddaawwan saddeeti irratti kan daanga’eedha. Gama
mata duree qorannoo kanaatiin yoo ilaalle afwalaloowwan aanaa kana keessa jiran keessaa
xiinxala qabiyyee afwalaloo dikkoo qofa irratti daangeffameedha. Sababiin isaas gosootni
afwalaloo dhimmoota garagaraaf itti gargaaraman baay’ee waan ta’aniif hunda isaanii bakka
tokkotti qorachuun waan hindanda’amneef isaan keessaa tokko irratti daanga’uun dirqama ta’a.

Kana maleesdubartoonni qorannoon kun irratti adeemsifame muuxannoonisaan afwalaloo dikkoo


irratti qaban irratti hundaa’uun kanneen filatamaaniidha. Muuxannoon isaan dikkoo irratti qaban
kan dubartootaa kaaniin adda. Dubartoonni kunneen yeroo hojiitti afwalaloo dikkoo
gargaaramuun akka dadhabbiin itti hin dhagamne gochuun itti bohaaru. Akkasumaas dandeettii
kalaqummaa artii gargaaramuun miira keessoo isaanii, hawwii, qeeqaafi mudannoo isaanii
dikkoon keessaan dabarfatu.Muuxannoon dikkoon of ibsuu danda’uu kun dubartootaa umrii
guddaa qaban hamma tokko yoo ta’e irra baay’ee dubartootaa har’aa biratti hin mul’atu.
Dubartoonni dur afwalaloo dikkoo gargaaramaa turan waliin jireenya gaarii qabu. Rakkoo
hawaasummaaf diinagdee isaan mudatu waliin furmaata itti barbaadu. Yeroo ammaa haalli kun
dubartoota biratti hin mul’atu.

1.7. Hanqina Qorannichaa

Qorannoo kana keessatti hanqinoota mudatan keessaa ijoon rakkoo gara meeshaalee funaansa
ragaaleetiin mudate, hanqina sakatta’a qorannoo aanteefi rakkoo dhibee Covid 19 waliin wal
qabateedha. Ragaalee qorannoo kanaaf barbaachisu ittiin galmeessuuf meeshaalee galmeessa
ragaalee keessaa tokko suur-sagalee (video)dha. Haa ta’uu malee, suur-sagaleen yeroo ragaaleen
funaanaman kaafaman marti qulqullina dhabuu irraa kan ka’e adeemsa qorannoo kanaa irratti
dhiibbaa uumuu danda’eera. Ragaaleen suur-sagaleen galmeeffaman kunneen haala qabatama
hojiirra oolmaa afwalaloo dikkoo caalmaatti ijaan argaan hubataniif gargaaru. Garuu
rakkoomudate kana irra aanuuf ragaalee barreeffamaangalmeeffama, kanneen sagaleen
waraabamaniifi kaameraadhaan qabatamanitti gargaaramuun rakkoo hanqina suur-sagaleen
mudate furuundanda’ameera.

Hanqina qorannoo kanaa kan biro sakatta’a qorannoo aantee dhabuu isaati. Sababni isaas
mataduree afwalaloo dikkoo waliin wal qabatee qorannoon sadarkaa barnoota olaanaatti
9

adeemsifame jiraachuu dhabuu irraa kan ka’eedha. Akkasumaas Biiroo Aadaafi Turizimii Aanaa
Gurawaatiin afwalaloo dikkoo ilaalchisee wanti hojjetame jiraachuu dhabuun madda ragaalee
dabalataa qorannoo kanaa argachuun akka ulfaatu taasiseera. Kanaafuu ragaaleen qorannoo kana
keessatti qorataan itti gargaarame harki caalaan isaanii madda ragaa tokkoffaa akka ta’u
taasiseera.Gama biraatiin dhibeen baraa Covid 19 yeroo ragaaleen qorannoo funaanametti biyya
seenuun isaa hanqina ta’uu danda’eera. Sababni isaas yeroo Covid 19 biyya keessa seenetti
qajeelfamni Ministeera Fayyaa irraa kenname sochii namootaa kan daangessu ture. Kana irraa
kan ka’e yeroo ragaaleen qorannoo itti funaanamuu qabu irratti dhiibbaa uumeera. Garuu
qorataan qajeelfama covid bahe eeguun ragaalee qorannoof barbaachisu funaanuu danda’eera.
10

2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMMII

Boqonnaa kana jalatti kan dhihaatu yaadiddamoota fookloorii qorannoon kun bu’ureeffateefi
sakatta’a barruulee firoommii kan garagaraa qorannoo kana deeggaraniidha.
Akkasumasyaadrimeefi maalummaa ogafaanii, yaadrimee afwalaloo, goowwan ogafaanii,
maalummaafi yaadrimee afwalaloo dikkoo mata dureewwan garagaraa jalatti ibsamaniiru.

2.1. Yaadiddama Qorannoo Fookloorii

Yaadiddammoonni faayideessummaafi galumsaa ragaalee qorannoo kana xiinxaluu kan dhimma


itti bahameedha. Yaadiddamni fayyadeessumaa faayidaalee gooroowwan fookloorii jiruufi
jireenya hawaasaa keessatti qaban ibsuu irratti kan xiyyeeffatu (Thomas. A, 1997:387; Bascom,
1965; Fileen, 2016:49). Gooroon fookloorii hawaasa keessatti faayidaalee garagaraa kanneen
akka barsiisuu, qeequu, jajjabeessuu, bashannansiisuu, taateewwan uumamaa ibsuu, eenyummaa
hawaasaa ijaaruufi seenaa isaa galmeessuu, dhiphinaafi yaaddoo irraa qaamaafi sammuu bilisa
taasisuu, safuufi seera eegsisuu, falaasamaafi duudhaa hawaasichaa ibsuu, dagaagina sammuu
dhala namaa cimsuufi aslummaa waa-uumuu (creative originality) gabbisuufi faayidaa biroos
qaba (Eshete, 2007 ; Asafaa, 2006; Finnegan, 2012).

Haaluma kanaan afwalaloon dikkoo hawaasicha keessatti akkamiin akka tajaajilu, dhimoota
akkam fa’a ittiin ibsachuuf dubartoonni dikkootti gargaaramaa akka turan xiinxaluuf yaadidamni
faayideessummaa karaa agarsiisa.Haaluma kanaan qorataan faayidaa afwalaloo dikkoo
hubachuuf qaamaan iddoo qorannoon kun itti adeemsifametti argamuun akkaataa hawaasni itti
tajaajilamu qayyabachuu danda’eera. Akkasumaas yaadiddama kana fayyadamuun maalummaa
dikkoofi hiika itti kennuuf akkaataa hawaasichi itti ibsu hubachuun danda’ameera.

Yaadiddamoota qorannoo kana keessatti dhimma itti bahamu inni lammaffaa yaadiddama haala
galumsaati.Yaadiddamni galumsaa fookilorii haala galumsa hawaasichaa keessatti maalummaafi
faayidaa isaa xiinxaluuf kan gargaaruudha. Yaadiddamni kun kan ibsu gooroo fookloorii tokko
galumsa hawaasaaalatti qorachuufi hiika itti kennuun rakkisaa ta’uudha (Bascom, 1965:281;
Sims M.fi Stephens, 2005:20; Taddasaan, 2004). Sababni isaas faayidaafi qabiyyeen gooroo
fookloorii hundi galumsa mataa isaanii kan hawaasa keessatti murtaa’aa ta’e waliin hidhata
11

guddaa waan qabuufi, garuu galumsaan alatti gooroon fookloorii kamiyyuu lubbuu qabaachuu
hin danda’u.
Akkasumaas gooroo fooklooriitti hiika kennuuf beekumsa hawaasa naannooo irratti hundaa’uun
barbaachisaa akka ta’e (Peterfi Roger, 2006) ibsaniiru

Yaadiddama haala galumsaa kanarraa kan hubachuun danda’ame maalummaa afwalaloo dikkoo
ibsuufi hiika itti kennuuf galumsa hawaasaa keessatti qorachuun barbaachisaa
ta’uudha.Yaadiddama kana bu’uura godhachuun qorataan afwalaloo dikkoo akkaataa hawaasni
itti ibsuun, moggaasa hawaasni itti kenneen ibsuufi hiika itti kennuu danda’eera. Akkasumaas
yaadiddamni haala galumsaa kan eeru qabiyyeefi yoomessa afwalaloo dikkoo hubachuuf
galumsa hawaasaa isheen keessatti tajaajiltu beekuunmurteessaa akka ta’eedha. Kanumarraa
ka’uun qorataan afwalaloo dikkoo akkaatuma hawaasni itti gargaaramu ishee itti ibsu,
dhimmoota akkamiif akka afwalaloo itti fayyadamaniifi ilaalcha hawaasaa irratti hundaa’uun
qorachuu danda’eera. Kana jechuunis afwalaloon dikkoo afwalaloo yeroo dubartoonni midhaan
mooyyeetti tumaniifi daakuu daakan akka dadhabbiin itti hindhagahamneef sirbamu ta’uu
faayidaafi galumsa hawaasaa irraa hubachuun danda’ameera. Sababni isaas faayidaan dikkoofi
galumsi ishee hariiroo cimaa waan waliin qabaniif. Afwalaloon dikkoo akaakuu afwalaloo hojii
ta’uu irraa kan ka’e tajaajilaafi galumsi ishee hojiiwwan dubartootaa kanneen waliin hidhata
guddaa qabdi. Kun kan ibsu akkuma hojiin mooyyee tumuufi daakuu daakuun dubartootaa hafaa
deemu faayidaan dikkoofi galumsi isheen hawaasa keessatti ittiin beekamtu hafaatiifi dagatamaa
deemuudha.

Walumaagalatti qorannoon kun yaadota yaadiddamoota qorannoo fookloorii lamaan olitti


eerame kanneenii fayyadamuun kan adeemsifameedha. Yaadiddamoonni kunneenis faayidaa
afwalaloo dikkoo hubachuuf akkaataa hawaasa keessatti itti tajaajilaman xiinxaluun barbaachisaa
ta’uu; akkasumaas galumsa hawaasaa keessatti dhimmoota afwalaloo dikkoo waliin hidhata
qaban qorachuun maalummaa ishee ibsuu gargaara. Kun kan mul’isu muuxannoo hawaasichaafi
akkaataa haala qabatamaa hawaasaa keessatti itti tajaajilu hordofuun ta’uu qabaadha.Kanaafuu,
qorannoon afwalaloo dikkoo irratti taasifamekun qaamaan iddoo qorannichaatti argamuun
akkaataa hawaasichi itti ibsu bu’uura taasifachuun xiinxala taasifameedha.
12

2.2. Maalummaa Ogafaanii

Ogafaan akkuma maqaan isaa ibsu beekumsa hawaasaa kan himamsa afaaniitiin dhalootarraa
dhalootatti kan daddarbaa as gaheedha. Ogafaan hawaasaan yookiin garee hawaasaatiin kan
kalaqame ta’ee dhimmoota garagaraatiif kan itti gargaaramaa dhalootaa dhalootatti daddarbaa as
gaheedha. Sims and Stephens (2005) ogafaan yoo ibsan, ogafaan gosa beekumsaa kamuu
afaaniin daddarbu kan akka muuziqaa, seenaa tartiibaan himamuu yookaan bifa seenessaan
dhiyaatu kan hawaasni ittiin amantaa qabu of keessaa baasee ibsuuf gargaaramuudha.
Akkasumaas ogafaan ilaalchisee Dundes (1965) akkas jedha, hawaasa hin baratin biratti yookiin
hawaasa qaroome, hawaasa magaalaa yookiin immoo hawaasa baadiyyaa, hawaasa bilisoome
yookiin immoo hawaasa gabroome biratti, ogumni afaaniin daddarbu kamuu ogafaani. Yaada
kanarraa kan hubannu, hawaasni kamuu beekumsa ogafaaniitti kan gargaaramaa turaniifi jiran
ta’uu isaati. Yaada kana ilaalchisee Asafaan (2009:20) akka ibsutti, ogafaan dhalli namaa
barreeffamaan of ibsuu osoo hin jalqabiin dura uunkaalee ogafaanii, fakkiiwwan, bocaaleefi kkf
yaadasaa ibsachaa turuu isaanii ibsa. Ogafaan ilaalchisee Finnegan (1970) akkasitti ibsiti,
ogafaan seenaa, eenyummaa, falaasama, ilaalcha, duudhaa, safuu, dinagdee, amantii, siyaasaa,
beekumsaafi muuxannoo dhala namaa baatee akka as ga'e mul'isa. Haata’uu malee, namoonni
baay’een maalummaa ogafaanii ibsuuf hiika isaa caalaa amaloota ogafaanii irratti
xiyyeeffachuun ibsuun barbaachisaa akka ta’e himu.

Amaloota ogafaanii kan ta’e keessaa inni tokko hurruubummaa ‘performance’ isaati.
Hurruubummaan amalootaogafaanii jiran keessaa isa ijoofi ogafaan akka lubbuu horatu kan
godhuudha. Akka Finnegan (2012:9) jettutti, gooroowwan ogafaanii kan addaan baasuu
qabiyyeefi kaayyoo isaanii caalaa hurruubumummaa isaaniiti. Gooroowwan ogafaanii wal
fakkaataa ta’anillee addaaddummaa isaanii hubachuuf hurruubummaan gahee olaanaa qaba
(2012). Hurruubummaan kun immoo sochii qaamaa galumsa hawaasaa hordofuun gooree
ogafaanichaan waliin taasifamuudha. Akkasumaas, hurruubummaa ogafaanii keessatti jamaan
kallattiin hirmaachuun sirrummaa gooroo ogafaanii san eeguu keessatti qooda olaanaa qaba.
Akkasumaas hurruubummaan ogafaanii hawaasa keessatti yoomessaafi haalaa qabatamaa mataa
isaatiin kan daangeffameedha (Finnegan, 2012: 8-14).
13

Amaloota ogafaanii keessaa kan biroo jijjiirama ogafaan keessatti mul’atuudha. Jijjiiramuun
ogafaanii turtii yeroofi jijjiiramuu haala jiruufi jireenya hawaasaa waliin kan walqabatuudha.
Jijjiiramuu ogafaanii yoo jennu hurruubummaafi qabiyyee ogafaanichaa waliin wal qabatee
ergaan isaa isa dur ture waliin walitti dhufeenya qaban irratti xiyyeeffachuun xiinxaluudha.
Jijjiiramummaa ogafaanii ilaalchisee Finnegan (1970) yoo ibsitu, yeroo hurruubummaa ogafaanii
wantoonni garagaraa afee ogafaanichitti dabalamuu ni danda’a. Innis kan ta’uu danda’u tooftaan
osoo amala artii isaa gad hin dhiisne haala hurruubummaa isaa, jechoota haaraa, caasaa yookiin
qabiyyee ogafaanichaa isa duraan ture irratti jijjiiramni mul’achuu ni danda’a.

Mirga abbeentaa qabaachuu dhabuun amala ogafaanii isa birooti. Kunis ogbarruu ammayyaan
yoo walbira qabnee ilaaluun amala ogafaaniif kennameedha. Ogafaan qabeenya waliigalaa
hawaasni waliin qabu kan waliiniiti. Ogafaan keessatti muuxannoon, falaasamni, ilaalchaafi
beekumsi daddarbaa as gahe kan hawaasa hundaati malee kan nama dhuunfaa miti. Yaada
Asafaan (2006) yoo ibsu, “Afoolli [Ogafaan] immoo qabeenya walii galaati malee qabeenya
dhuunfaa miti. Kan mirga-abbintaa (copyright) falmatu hinjiru.

2.3. Gooroowwan Ogafaanii

Ogafaan haala gaariin ibsuuf dhimmoota garagaraa irratti hundaa’uun gooroowwan adda addaatti
qooduun ni danda’ama. Haaluma kanaan ogafaan irratti qorannoo taasisuufi hiika itti kennuuf,
yaadiddamoonni qorannoo akka ulaagaatti kan lafa kaa’u, amaloota, unkaafi tajaajila ogafaanichi
hawaasa keessatti qabu irratti hundaa’uun qoqqooduun ni danda’ama. Kana jechuun
gooroowwan ogafaanii amala akkamii akka isaan qaban xiinxaluun qooduu, kallattii unkawwan
isaan ittiin mul’atan irratti hundaa’uun qooduun ni danda’ama; akkasumaas tajaajila yookiin
kaayyoo gooroowwan ogfaanii hawaasa keessatti kennu hordofuun gooroowwanitti qooduun ni
danda’ama.

Haala qoqqoodinsa ogfaanii ilaalchiseenamoota garagaraa biratti akkaataan ittiin qoqqoodan


adda adduummaa kan qabuudha. Addaaddummaan kunis kan mul’atuuf ulaagaan qoqqoodinsa
ogafaanii murtaa’e kana jedhumu jiraachuu dhabuurraahi. Haala qoqqoodinsa ogafaanii
ilaalchisee Finnegan (1992:134) yoo ibsitu, ogafaan bifaan, qabiyyeedhaan, tajaajila (faayidaa)
hawaasa keessatti kennu, yoomessa murtaawaafi qoqqoodinsa haala qabatamaa naannawa tokkoo
14

(taxonomies) irratti hundaa’uudhaan gooroowwan garagaraatti qoqqooddeetti. Ogafaan hawaasa


keessatti jiran baay’ee ta’anis waan irratti walfakkaataniin gooroowwan muraasa jala galuu
danda’u. Haaluma kanaan Finnegan (1970) akka jettutti, ogafaan hawaasa kamiyyuu keessatti
dhimmoota irratti jedhamaniifi faayidaaleehawaasa keessatti qabaniin baay’atanii haa argaman
malee, uunka, lamaan mul’achuu danda’u. Isaanis unka afwalaloofi unka seenessaati.” Akka
Okpewho (1992) ibsutti immoo, ogafaan gooroowwan gurguddoo saditti qoodamuu akka
danda’u ibsa. Isaanis ogafaan seenessaa (oral narratives), afwalaloo (oral poetry)fi unkaalee
gaggabaaboo(witticisms)dha.Yaada namootaa kanneen irraa kan hubannu qoqqooddii ogafaaniif
akka ulaagaatti kan isaan itti gargaaraman unka ogafaan kunneen hawaasa keessatti ittiin
mul’atuudha.

Gooroowwan ogafaanii keessaa afseenaa (oral narratives) jalatti kanneen ramadamuu danda’an:
durdurii, sheekkoo, raagamtaafi kkf. Akkasumaas gooroo ogafaanii keessaa afwalaloo jala galuu
kan danda’an: geerarsa, afwalaloo hojii, mirriysa, darashii, geelloo, sirboota cidhaa, faaruuwwan
ateetee, dikkoo, shoobdoo, dhiichisa, ragada…kkf. Gama biraatiin gooroon ogafaanii unka
gaggabaaboo jedhaman: mammaaksa, hibboo, jechama, ciigoo…kkf.

2.4. Maalummaa Afwalaloo

Afwalaloon gooroo ogafaanii keessaa umrii dheeraa kan qabuufihawaasa keessatti baay’ee
jaalatamaa kan ta’eedha. Maalummaa afwalaloo ilaalchisee Beakel (2010:22) Shibeshii (1986)
wabeeffachuun yoo ibsu, “Afwalaloon unka ogafaanii umrii dheeraa qabu ta’ee kan namoonni
keessoo miira ofii akkasumaas dhimmoota jajjaboo ta’an ittiin ibsataniidha. Akka Muhaammad
(2013:1) ibsetti, afwalaloon damee ogumaa keessaa isa tokko kan ta'eefi kuufama uunkaa
ogumaati.

Gama uunkaafi yaadrimee isaatiin yommuu ilaalamu gosa ogumaa biroo caalaa isa qusannaa
jechootaa fayyadamu akkasumas, wanta ibsuu barbaade walitti cuunfee haala sammuu namaa
keessa turuu danda’uun kan dhiyeessuudha. Yaada kana ilaalchisee Esheteen (2007:149-50) yoo
ibsu, “The wolaloo and the weedduu sabaa are the most powerful aspects of cultural
communication and wonderfully evocative of social life.” Yaada kanarraa kan hubatamu
weedduun jireenya hawaasummaa keessatti karaalee aadaa hawaasni ittiin waliigaltee uumu
15

keessaa humna cimaa kan qabaniidha. Yaadni kun mul’isu afwalaloon hawaasa keessatti yeroo
baay’ee irra caalaan isaanii bifa sirbaan yookiin weedduun kan dhiyaatan ta’uudha. Afwalaloon
calaqqee waloo hawaasaa kan qabeenya waliigala hawaasichaa kanneen gaarii yookiin badaa,
gammachiisaa yookiin gaddisiisaa, mudannoo yookiin muuxannoo, hawwisiisaa yookiin
jibbisiisaafi nageenya yookiin waraana ta’u danda’a (Eshete, 2007:149-50). Dabalataanis
yaaduma kana kan cimsu Marco (2014) akka itti aanutti ibseera.

Folk songs are closely linked to a collective memory in order to pass down what
the community wants to preserve, that is a way to communicate, to teach, to
spread the voice, to instill knowledge, to entertain but especially to speak up and
denunciate something wrong which has to be changed. It has become a medium
used by people to express themselves but also to protest
.
Yaada oliirraa kan hubatamu faaruuwwan hawaasaa muuxannoo waloo ummatichaa waliin kan
walitti hidhata qabu ta’ee kan waan hawaasichi akka kunuunfamu barbaadu kunuunsuuf yookiin
tursiisuuf gargaaru, karaa waliigaltee hawaasaa, ittiin barsiisuuf, barnoota ittiin dabarsuuf,
bashannanaaf, waan sirrii hintaane ittiin sirreessuuf, akkasumaas eenyummaa ofi ittiin ibsachuuf
yookiin ittiin falmachuuf kan gargaaru ta’uu isaati.

Afwalaloon aadaa hawaasa keessatti dhimmoota hawaasummaa, dhimmoota akka siyaasaa,


ilaalchaafi miira ofii ittiin ibsachuuf gargaara. Dhimmoonni kunneeniis waraana, jaalala,
falaasama, hojiifi kan biroo ta’uu danda’a (Ahmed, 2010:17). Kun kan mul’isu weedduun kamuu
haalaafi galumsa mataa isaa kan qabuufi kaayyoon isaas kan galma gahuu danda’u galumsa
beekamaa keessatti ta’uu ibsa. Galumsi weedduun keessatti tajaajiluu danda’u kun naannoofi
hawaasichaan murtaa’a. Akkasumaas, afwalaloon aadaa hawaasichaa bu’ureeffachuudhaan
hawaasa keessatti dhuunfaan yookiin immoo gareen dhiyaachuu danda’a. Haala kanaan wantoota
jireenya hawaasaa guyyuu keessatti mudatan, wantoota uumamaan walqabatanii mudatan,
falaasama hawaasichi qabu, beekumsa, ilaalchafi kkf. afwalaloo gargaaramuun dhalootaa
dhalootatti dabarsu.

Gama birootiin maalummaa afwalaloo hubachuuf amaloota afwalaloo keessatti argaman irratti
xiyyeeffachuudhaan xiinxaluun baay’ee murteessaadha. Finnegan (1977)fi Okpewho (1992)
maalummaa afwalaloo hubachuu keessatti karaan gaariin amaloota afwalaloo irratti hundaa’uun
xiinxaluu akka ta’e ibsaniiru. Amaloota afwalaloo kanneen jedhaman keessaa amala muuziqaa
qabaachuu, hurruubummaafi jamaawwan kallattiin hirmaatan, yeedaloofi rukuttaa qindaa’aafi
16

jechoota filatamoo fayyadamuu fa’adha. Amalootni afwalaloo kunneen maal akka ta’an
gabaabinaan ibsa armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.

Amaloota afwalaloo kanneen jedhman keessaa inni tokko amala muuziqaa qabaachuu
afwalalooti. Afwalaloo tokko keessatti amala muuziqaa qabaachuun ishee baay’ee
murteessaadha. Yaada kana ilaalchisee Finnegan (1977) akkasitti ibsiti, afwalaloon kan
hurruubamu galumsa amala muuziqaa keessatti ta’ee, sagaleen muuziqaafi wantoonni afaaniin
jedhan kunneen kan walirratti hirkatu yookiin hundaa’uudha. Akka Forcuccii (1984) jedhutti,
muuziqaan aadaa jalqaba seenaa irraa eegalee kan nu waliin jiru ta’uusaa ibseera. Yeedaloon
sirba aadaa kunneen kan baratamuu danda’u aadicha keessatti hirmaachuufi shaakaluu yookiin
akkeessuudhaan (imitation) malee barnoota ammayyaatiin mana barnootaatti kan barachuun
argatan akka hintaane (Ahmed, 2011:19; Eshete, 2007; Thomas, 1997) ibsaniiru.
Amalli bu’a-qabeessi afwalaloo kan biroo haala sochiilee qaamaa garagaraa kan amala muuziqaa
waliin walitti dhufeenya qabuudha. Afwalaloo gooroo ogafaan biro irraa adda kan godhu
hurruubummaa qabaachuu isaati. Yeroo hurruubummaa afwalalootti sochiiwwan qaamaa
garagaraa kanneen akka harkaa, miila, mormaafi kan biraa waliin qindaa’ee kan raawwatuudha
(Okpewho, 1992). Akkasumaas jamaan kallattiin hirmaatu jiraachuun sirrummaa, akkaataa
(style) hojiirra oolmaa isheefi jijjiirama yeroo hurruubummaa eeguu keessatti gahee olaanaa
qaba.

Amala afwalaloo keessaa inni biroo immoo jechoota filatamoo ta’anitti fayyadamuudha.
Afwalaloon jechoota filatamoo kanneen ilaalcha keessoo waloo /walaleessaa/ ibsuu danda’an
gargaaramuudhaan yaada keessoo isaafi daawwitii bara jireenya isaa calaqqisan dabarsuuf
gargaara. Kana jechuun jechoonni afwalaloo keessatti itti gargaaramaniifi kanneen haasaa
guyyuu keessatti itti gargaaraman jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Kun kan mul’isu
filannoo jechootaatiin gooroowwan ogafaanii keessaa afwalaloon baay’ee beekamaadha.
Keessattuu jechoota dubbii qolaa ‘figurative speech’ ta’an baay’inaan fayyadamuunergaan
walalichaan darbu gadi fageenyaa akka qabaatuufi sammuu namaa keessa yeroo dheeraaf turuun
akka yaadatamu taasisu (Finnegan, 2012:90). Yaada kana Muhaammad (2013:3) Thorne (1997)
wabeeffachuudhaan akka ibsetti, afwalaloon jechoota of eeggannoon filatamaniifi qindoomina
gaarii qaban, kanneen hiika gadi fagoo ibsan of keessaa qabu fayyadama.
17

2.5. Qoqqooddii Afwalaloo

Afwalaloowwan qoqqooduu irratti ulaagaalee sirrii ta’e jiraachuu dhabuus namoonni baay’een
dhimmoota garagaraa akka ulaagaatti gargaaramuun qoodaniiru. Hedduun isaanii uunkaa,
qabiyyeewwaniifi kaayyoo afwalaloo irratti hundaa’uun qoqqooduu yaalaniiru. Akka qoodinsa
Abramfi Foss (1968) tti afwalaloon dhimmoota isaan irratti xiyyeeffatan bu’uura godhachuun
gooroo muraasa jalatti qoodamuu akka danda’amu ibsu. Isaanis afwalaloowwan faaruu (ballads),
afwalaloo sirbootaa (lyrics)fi afwalaloo sirba waliinii (dialogue songs) akka ta’an eeraniiru.
Haaluma walfakkaatuu Finnegan (1970) immoo goorowwan afwalaloo: afwalaloo amileessaa
(patronage), faarsaa (panegyric or praise), boo’icha (elegiac), amantaa (religious), afwalaloo
dhimma adda oolan ‘special purpose’, afwalaloo sirbaa (lyric), siyaasaa (topical political)fi
taphoota ijoollee (children’s songs) jechuun iddoowwan garaagaraatti qooddi. Qoqqooddiiwwan
kanneen irraa kan hubannu afwalaloowwan kaayyoo walfakkaataa qaban akkaataa isaan
walfakkaataniin gareewwanitti qooduun kan ibasniidha.

Akka Abraham (1999); Fedhasaan (2017) ibsanitti immoo, afwalaloon yeroo hedduu kaayyoo
yookiin tajaajila isaan kennan irratti hundaa’uun qoodamuu danda’u. Haaluma kanaan tajaajila
irratti bu’uuruun afwalaloowwan yoo qoodu: faaruuwwan kabaja guyyaa dhalootaa, faaruuwwan
yeroo maqaa baasa daa’immanii, faaruuwwan sossoba daa’immanii, faaruu taphoota garagaraa,
faaruuwwan yeroo cidhaa, weedduuwwan hojii, geerarsa garagaraa, faaruu yeroo gaddaafi
gammachuu, afwalaloo jaalalaa,faaruu loonii, afwalaloo danbalii galaanaa, afwalaloo amantaa,
afwalaloo tapha ijoolleefi weedduuwwan hedduu kanneen keessa namaatti miira dhageettii
hedduu uumaniidha; akkasumas, weedduu seeneffamoota aadaati.

Kanaafuu, qoqqoodinsa, tajaajilaafi maalummaa afwalaloo hubachuuf haala qabatamaa hawaasaa


keessattti qorachuun barbaachisaadha. Yaada kana Jeeylaan (2005) yoo ibsu, tokkummaan
ogafaaniifi faayidaan ogafaanii kan murtaa’u galumsa hawaasa ogafaanichi keessatti
tajaajiluutiin. Sababni isaas gooroon afwalaloo hawaaasa garagaraafi galumsa garagaraa keessatti
addaa addummaa qabaachuu waan danda’uufi. Asafaan (2015:57) dhimma kana ilaalchisee
akkanatti ibsa, afwalaloo hubachuu keessatti faayidaan galumsaafi hurruubummaan isa ijoodha.
Sababni isaas galumsa hawaasa garagaraafi seenaa hawaasa garagaraa keessatti hafeen ‘text’
haala adda ta’een uumamuu danda’a; akkasumaas galumsa Afrikkaa akka waliigalaa keessatti
18

bal’inni, hiikniifi kaayyoon afwalaloo itti gargaaramaniif aadaa gara aadaatti garaagarummaa
qabaachuu danda’a.

2.6. Afwalaloowwan Oromoo

Afwalaloon qabiyyeewwan, ergaafi dhimmoota irratti xiyyeeffatu irratti hundaa’uun qoodamuu


danda’a. Bu’uuruma kanaan qabiyyeewwan isaanii irratti hundaa’uun afwalaloon bakka
gurguddaa lamatti qooduun ni danda’ama. Isaanis afwalaloo amantiifi afwalaloo al-amantii/
biyya lafaati (Imaanaan, 2007:22). Afwalaloowwn Oromoos iddoowwan gurguddoo lamaan kana
jalatti ramaduun akka armaan gadii kanatti ibsamaniiru.

2.6.1. Afwalaloo Amantii

Afwalaloon amantii akkuma maqaan ibsu, akaakuu afwalaloo qabiyyeewwaniifi ergaan ishee
dhimmoota amantii irratti kan xiyyeeffataniidha. Afwalaloo tokko afwalaloo amantii jennee
ibsuuf amaloota ishee ilaalchisee Asafaan (2015:51) Finnegan wabeeffachuun yoo ibsu,
amaloota gooroo afwalaloo amantii ibsuuf ulaagaalee sadeen armaan gadii fayyadamuu
qabnajedha: tokkoffaa, qabiyyeen afwalalichaa dhimma amantii irratti kan xiyyeeffatu ta’uufi
akkaataan rukuttaa (rythme) walaloo qajeelfama amantii kan hordofu ta’uu. Lammaffaa
walaloon kunneennamoota beektota amantii sanaa ta’aniin kan walaleeffamu yookiin faarfamu
ta’uudha. Sadaffaan immoo akaakuun afwalaloo amantii haalota (occasions) amantii waliin
walqabatu irratti kan fayyadaman ta’uu isaaniiti.

Ogafaan hawaasa tokko keessatti ilaalcha amantii akkasumaas amantii alaa ibsuu keessatti gahee
olaanaa qaba. Kana jechuun akkaataa hawaasni dhimma amantii itti ibsuufi hubatu ogafaan
keessatti mul’ata. Ummanni Oromoo Waaqni qulqulluu kan hin dogoggorre, aangoo waliigalaa
kan qabu sadarkaa waa hundaa oliitti ramadu.Isa jalatti uumamni lubbu qabeeyyiifi wantoonni
biroo argamu jechuun ibsu. Akkasumaas bineensotaa olitti dhala manaa akka caalchisetti hubatu.
Kanaafuu hawaasni tokko karaa artii ogafaniin addunyaan dhokotaan akka mul’atutti, addunyaan
harkaan qabamne akka harkaan qabamu, addunyaa hinbeekamne akka beekamuutti hubachuu
danda’u.
19

Maalummaa afwalaloo amantii irratti hamma kana erga jennee booda akaakuu afwalaloowwan
amantii jala galan ibsina. Akaakuuwwaan afwalaloo amantii jalatti ramadamuu danda’an asitti
tarreessinee fixuun hindanda’amu. Haata’uu malee isaan keessaa muraasa ibsa armaan gadii irra
hubachuun ni danda’ama.

2.6.1.1. Faaruu Irreecha

Irreechi duudhaa sirna amantii Uummata Oromoo kan baroota dheeraa kaasee Waaqa tokkicha
galateeffachuuf ayyaaneffatamaa as gaheedha. Irreechi duudhaa Ummata Oromoo keessatti
bakkaafi yeroo bu’uura godhachuudhaan sirna kadhaafi galata Waaqaaf itti galchaniidha.
Geetaachoon (2018) maalummaa irreechaa Dirribii (2012)fi Leellisaa (6413) wabeeffatee
akkasitti ibseera, irreecha sirna Ummanni Oromoo marga jiidhaa qabatee iddoo murtaa’aa
sirnichaatti aragamuun Waaqaaf galata itti galchaniidha. Kunis Waaqa nagaa namaa kenne,
Waaqa marga kana magarse, Waaqa biqiltoota sana daraarse mallattoo fuulduratti jiruuf abdii
kennaa jiru galateeffachuuf Birraa keessa irreeffatama jechuun ibseera.

Ummanni Oromoo ayyaana irreechaa waggaatti al-lama ji’oota Fuulbanaafi Arfaasaa keessa
tulluufi malkaatti ba’uun ayyaaneffatu.Oromoon tulluufi malkaa kadhachuuf achi kan dhaqan
osoo hin taane, iddoowwan kunneen kan filatamaniif bakka dandeettii Waaqaa ittiin dinqisiifatan
ta’uu isaaniiti. Malkaan kan filatameef lubbuun wantoota hundaa bishaan irratti kan hundaa’e
ta’uu, jiruufi jireenya dhala namaa keessatti bishaan murteessaa ta’uu ibsuuf, bishaan xuriifi
cubbuulee kan namarraa qulqulleessu jedhamee waan amanamuuf, akkasumaas yemmuu namni
du’e bishaaniin waan nama dhiqaniifi (Geetaachoo, 2018). Tulluun immoo uumama lafaa
keessaa bakka ol ka’aa waan ta’ee dandeettii Waaqa tulluu kana utubee kaa’ee dinqisiifachuuf
jecha kan achi deeman. Gama biraatiin tulluun bakka biqiltoota, urriifi rooba qabu waan ta’eefi.

Akkaataa kabaja ayyaana irreechaa ilaalchisee Fileen (2016) yeroo ibsu, ayyaanni irreechaa
ayyaana Oromoon waaqa isaa ittiin galateeffatu isa olaanaa kan ta’eefi kan Oromoon waggaatti
yeroo tokko yookiin yeroo lama bakka irreechaatti walgahee waaqa isaa irraa irree yookaan
eebba humnaa, ayyaantummaa, addaafi addunyaa qabaachuu, fayyaa qabaachuu, nagaafi
nageenya biyya isaa ittiin bulchu fudhachuudha jechuun ibseera. Galata Waaqaaf galchuufi
milkaa'ina fuulduraa kadhachuuf immoo faaruuwwan irreechaa kanneen yeroo irreeffannaa
20

jedhaman garagaraatu. Guyyaa kabaja ayyaana irreessaa ganama obboroo warri angafaa
(angaftichaafi angaftittii) ulfoo aadaa qabatanii uummataan tumsamanii gara iddoo irreechaatti
faaruu adda addaa faarfachaa deemu (Geetaachoo, 2018). Faaruuwwan ayyaana irreessaa irratti
faarfaman kunneen kan yeroo gara irreessaa deeman faarfamuufi kan yeroo irreessarra gara
manaa deebi’an faarfatan garaagara ta’uu danda’a. Faaruu yeroo irreessa deeman faarfatan
keessaa “Mareehoon mareehoo” kan jedhu yeroo baay’ee faarfatu. Adeemsi itti faarfatamuus
adeemsa wal jalaa qabuu yookiin cooka (call and response) kan ta’eedha. Mareehoo kan jedhu
jijjiirama adeemsa uumamaa keessa barri ofirra naannawee bakkatti yeroo deebi’u dandeettii
Waaqaa ibsuuf kan gargaaramaniidha. Kana ilaalchisee Geetaachoon (2018) yoo ibsu akkas
jedha, “Hiikkaan faaruu kanaa ammoo maree maree (marmaaree) ayyaana waggaa ittiin nu gahe
jechuudha. Marsaa waggaa tokkoo yookaan gadaa tokkoo marsee yookaan deebi'ee milkiidhaan
dhufuu isaa kan ittiin mul'isanidha,” jedha. Faaruun kun gara fuulduraattis marmaarii ittiin nu
gahi abdii jettu kan mul’isuudha.

Faaruun yeroo irreecharraa gara manaatti deebi’an faarfatan keessaa immoo “Gabbisayyoo” kan
jeedhamu baay’ee beekamaadha. Faaruun gabbisayyoos akkuma kan olitti ibsamee san adeemsa
wal jalaa cookuutiin kan faarfatamuudha. Gabbisayyoo kan jedhu immoo milkaa’inaan ayyaana
irraa deebi’uu isaanii ibsuuf kan gargaaramaniidha. Yaada kana ilaalchisee Geetaachoon (2018)
Leellisaa (6413:36) wabeeffachuun yoo ibsu, “Faaruun gabbisayyoo irra caalaatti yeroo sirna
ayyaana tokkoo deemanii milkiidhaan gara manaatti deebi'amu gabbannee (milkoofnee) nagaan
deebine ergaa jedhu of keessaa qaba,” jechuun ibseera.

Walumaagalatti ireechi sirna duudhaa amantii Oromoon Waaqa isaa ittiin galata galchuufi eebba
Waaqaarraa ittifudhatuudha. Yeroo ammaa kana keessa ayyaanni irreechaa sirna waaqeffannaa
cinatti tokkummaa Ummata Oromoofi wal hubannoo jidduu isaaniitti uumuu keessatti gahee
olaanaa taphachaa jira. Kana ilaalchisee Geetaachoon (2018) Makuriyaa (2015) wabeeffachuun
yoo ibsu, ayyaanni irreessaa haala miira namaa tuquun tokkummaa Oromoofi eenyummaa
Oromummaa ibsuuf akka oolu xuqeera. Yaadni kunis kan mul’isu ayyaanni irreechaa
eenyummaafi duudhaa Ummata Oromoo beeksisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu isaati
kabaja ayyaanaa bira darbee saba Oromoo walitti fiduurratti gahee olaanaa qabaachuu ibsa.
21

2.6.1.2. Faaruu Wadaajaa

Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, wal mararfachuu, walii yaaduu, walii birmachuun kan
maatiin/warri tokko bulfatanidha. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaafi faaruu ayyaana kanaa
beekan afeeruun Waaqa isaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka
tokko tokkotti ayyaana jaalaa jedhama. Akka Geetaachoon (2018) Maammoo (2016)
wabeeffatee ibsetti, hortee abbaa Oromoo kan jedhamu qunnamtii ayyaana duudhaa isaatiif qabu
kan cimsu hortee duudhaa isaa yaadachuudhaan (gabbaruudhaan) akka ta'e beekamaadha.
Gabbaruu jechuun maqaa ayyaana duudhaa ofiitiin daraaraafi mijuu akkasumas, horii bifa
barbaachisaa ta'e qalanii ayyaana ofii yaadachuudha. Daraaraafi mijuu qophaa'e eebbifatanii sirni
daraaraa daddarbaniifi mijuu dhibaasuu raawwatama. Sana booda wadaanyi (maatiin) dhiyaana
qophaa'e fayyadamuutti deema. Wadaaja bulfachuudhaan qunnamtii inni Waaqaan qabus karaa
hortee (ayyaana) isaa kanaan kan mijeeffatu ta'uun ni amanama jechuudhaan ibseera.

2.6.1.3. Faaruu Ateetee

Ateeteen akaakuu afwalaloo dubartootaa ta’ee kan dubartoonni yeroo ayyaanaa isaanii
sirbaniidha. Kanumarraa ka’uun ateeteen ayyaana dubartiiti jedhu. Dubartoonni sirna
ayyaanaateetee kaayyoo garagaraatiif ayyaaneffatu. Dubartoonni ateetee gargaaramanii dubartii
dhala dhabdeef dhala akka argatu, kan argatte akka guddatuuf, hormaanni namaafi sa’aa akka
qajeeluuf, yeroo duula deeman, yoo roobni dhabameefi yoo rakkoon dhalate fala ittiin
barbaaduuf dubartoonni ateetee ayyaaneffatu (Geetaachoo, 2018; Filee, 2016). Faaruuwwan
ateetee dhimmoota ishee waliin wal qabatan irratti hundaa’uun akaakuuwwan garagaraatti
qoodamuu danda’u. Isaanis ateetee Hagayyaa, ateetee Furmaa, ateetee Loonii, ateetee Duulaafi
kkf ta’uu danda’u. Haata’uu malee Leilaan (2016) akaakuu ateetee ilaalchisuun akkasitti ibsiti,
ateetee kaayyoo ishee irratti hundaa’uun bakka lamattiqooduu dandeenya. Isaaniis ateetee
goraafi ateetee falaati. Ateeteen goraa akaakuu ateetee dubartoonni mirgi isaanii yoo tuqame
yookiin miidhamte ittiin mirga ishee kabachiiftu. Ateeteen falaa immoo ateetee dubartoonni
rakkoowwan garagaraaf fala yookiin furmaata barbaaduuf faarfataniidha (2016).
22

Yeroo ayyaana ateetee dubartoonni faaruuwwan garagaraa fayyadamuun ayyaanicha miidhagaa


taasisu. Leila (2016) barbaachisummaa faaruun ateetee keessatti qabu yoo ibsitu, “For Arsi
women, ateetee cannot exist without song,” jetti. Dubartootaa Arsii biratti ayyaanni ateetee
faaruu yeroo ateetee sanaan ala jiraachuu hindanda’u. Kun kan ibsu ayyaanni ateetee sun
miidhagee haala gaariin itti fufinsa akka qabaatuuf faaruun yeroo ateetee gahee olaanaa
qabaachuudha. Faaruun ateetee dubartoonni hundi faarfachuu hindanda’an. Ateetee kan
faarfatandubartoota heeruman yookiin bultii ijaaran qofaadha. Dubartoonni Arsii ateetee miira
ofii ittiin ibsachuuf, tokkummaa uumuufi rakkina uumametti furmaata barbaaduuf faarfatu.
Akkasumaas ateetee keessatti dubartoonni Arsii miira itti dhagahame, rakkoowwan
hawaasummaafi al-haqummaa isaan waliin jiru ibsachuuf walabummaa /liberty/ qabu (Leila,
2016). Dabalataaniis dubartoonni ateeteetti gargaaramuun tokkummaan mirgootaafi kabajaa
isaanii ittiin eegsifatu. Akka ilaalcha dubartoota Arsiitti dubartii tokko miidhuu jechuun
dubartoota mara miidhuu jechuudha. Kun kan mul’isu dubartoota Arsii biratti mirgiis; jireenyis
kan walooti malee matayummaa yookiin maaltu na dhibeen hin jiru.

Yeroo faaruun ateetee faarfatamu dubartoonni martinuu hirmaannaa walfakkaataatu irraa


eegama. Dubartoonni faaruu san jechuu hin beeknelleen walaloo seensa faaruu kan irra
deddeebiin jedhamu san jechuun hirmaatu. Haalli sochii qaamaa yeroo faaruu ateetee
dubartoonni taasisan immoo bifa geengoo uumuutiin walfaana sochoo’u; yeroo kanatti haalli
miilan lafa rukutaniifi rukuttaan walaloo sochii isaan taasisaniin kan wal simatuudha. Kunis akka
sochiin isaanii baay’ee hin saffisne yookiin baay’ee duubatti hin harkifanneef gargaara (Leila,
2016).

Afwalaloon ateetee kan dhalootarraa dhalootatti daddarbaa as gahe ta’ee kan dubartoonni
dandeettii kalaqa artii ofii ittiin cimsataniidha. Haata’uu malee ateetee dubartoonni umrii ateetee
sirbuu gahan hunduu sirbuuf dandeettii kalaqa artiifi sammutti qabachuun yaadachuun
danda’uun dirqama ta’a. Yaada kana ilaalchisee Leila (2016) yoo ibsitu, “The term afolee
literally means the person who created a song and passed it on from one generation to another,
but it more commonly indicates a person who knows the repertoires well and can lead them.
Afolee are generally those who have a good memory, can sing many different verses and
frequently attend ceremonies.” Yaada kanarraa kan hubannu afooleen kan dandeettii kalaqa sirba
23

uumuu qabuufi nama sammutti qabachuun yaadachuu kan danda’uu, walaloo garagaraa nama
sirbuu danda’uufi irradeddeebi’iin ayyaanota baay’ee irratti nama hirmaateedha.

Afwalaloon ateetee wantoota dubartoonni jireenya guyyuu (everyday life) keessatti hin goone
ateetee keessatti ibsachuun ni ayyamamaaf. Kana jechuun wantoota yeroo ateeteen alaa
dubartoota irraa gochaanis yookiin jechaanis hin eegamne: kanneen akka jechoota safuu,
jechoota lagannaa fa’a ateetee keessatti ibsatu (Leila, 2016).

2.6.2. Afwalaloo Al-Amantii

Afwalaloon al-amantii akaakuu afwalaloo dhimmoota amantiin ala ta’an kanneen muuxannoo,
beekumsaa, seenaafi haala jiruufi jireenya isaanii ibsachuuf hawaasni itti gargaaramuudha .
Afwalaloowwan haalakanaan argaman baay’eetu jiru. Isaan keessaa muraasni akka armaan
gadiitti dhihaataniiru.

2.6.2.1. Faaruuwwan Loonii

Hawaasa Oromoo biratti loon qabeenya guddaadha. Kana jechuun Ummata Oromoofi loon
isaanii jidduu hariiroo cimaa qabaachuu isaanii mul’isa. Yaada kana ilaalchisuudhaan Fileen
(2016) akka ibsetti Oromoon horii isaa akkuma dhala isaatti ilaala; jaalata; kunuunsa; faarsa
jchuun ibseera. Sababni isaas jireenyi hawaasa Oromoofi horsiisni loonii walitti hidhata guddaa
waan walqabatuuf. Kana jechuun jiruufi jireenyi hawaasa Oromoo kallattiilee addaddaan looniifi
bu’aawwan loonirraa argaman irratti kan hundaa’u ta’uu ibsa. Kanaafuu hawaasni Oromoo
faaruuwwan isaanii keessatti bu’aawwan loon irraa argamuufi sadoo yookiin qananii loon isaaf
hawwu kaasuun faasu. Bu’aawwan kunneenkan soorataaf oolan, diinagdee /madda galiif
tajaajilan, faayaan /miidhaginaan walqabsiisuun, meeshaalee addadaa kanneen bu’aa looniirraa
argamaniifi kanneen kana fakkaatan wajjiin walqabsiisuun, loon isaa faarsa. Kanaafuu faaruun
loonii jaalalaafi bu’aalee isaan irraa argamu irratti hundaa’uun kan faarfamudha.

2.6.2.2. Mirrisa

Mirriyni akaakuu afwalaloo amantiin alaa keessaa isa tokko ta’ee, hawaasa Oromoo Harargee
biratti haalaan kan beekamudha. Mirriyni aadaafi seenaa hawaasaa bifa bilchinaafi gadi fageenya
24

qabuun ibsuuf kan tajaajiludha. Mirriysi gooroo afwalaloo kan warri dhiiraa yeroo dhaddachaa,
yeroo jaarsummaa, dinqisiifannaa, qeeqaafi dhimmoota biroof kan mirriysaniidha. Mirriysi
bakka jamaan qaamaan argamuti yookiin immoo dhuunfaanillee mirriysuun ni danda’ama.
Mirriysi afwalaloo dandeettii bilchina sammuu yookiin immoo gamnummaa namootaa ittiin
addaan baafachuuf gargaaruudha. Akkasumaas mirriysi ulaagaalee mataa kan mirriysan qaba.
Innis namni tokko ulaagaa mirriysaa yoo hinbeeyne, mirriysuma beekuu qofaaf mirriysuu
hindanda’u. Sababni seera mirriysaa keessatti ilmi abbatti mirriysuun hindanda’amu, quxusuun
hangafatti hin mirriysu, warra soddaatti hinmirriysan, gosa ofiitti hin mirriysan, gosti quxusuun
gosa hangafaatti hin mirriysitu

Ummanni Harargee mirriysa gargaaramuun heeraafi seera, safuu, hoodaafi dhimmoota garagaraa
irratti wal barsiisu. Yaada kana ilaalchisuun Dirribaan (1999) hawaasni Oromoo Harargee
dhimma heeraafi seeraa yookiin dhaddacha, araaraafi kanneen kana fakkataniif bakka
walgahanitti aadaa mirrigaatiin yaada isaanii akka waliif dabarsan barreesseera. Kana jechuun
hawaasni Harargee afwalaloo mirrisaatti tajaajilamuun walii isaaniif kanneen dhimma mata
duree mariifi haasawaa isaaniirratti hubannoo hinqabne hubachiisu;dhaloota keessummaa aadaafi
duudhaa, heeraafi seera, safuufi qooda, walumaa galatti mudannoofi muuxannoo jiruufi jireenya
addunyaa yookiin biyya lafaa irratti isaan quunnamuu danda’u ittiin barsiisu; qeequ; hubachiisus
jechuudha.

2.6.2.3. Geerarsa

Geerarsi gosoota afwalaloo keessaa tokko ta’ee, kan Ummanni Oromoogoota gootummaa isaa
ittiin faarsuuf itti gargaaramaniidha.Ummata Oromoo biratti geerarsa dhimmoota garagaraa
kanneen akka gootummaa faarsuu, xiiqii himachuuf, lugna ittiin arrabsuufi kkf ittiin ibsatu.
Yaada kana ilaalchisuun Hinseeneen (2010) akkasitti ibsa, geerarsi madaa garaa keessaa qaban
ittiin bulgaafachuuf, dhiphinaafi roorroo qabanis ittiin ibsachuuf humna nama onnachiisuufi
kakaasuuf akka itti gargaaraman ibseera.

Geerarsi afwalaloo gootaan yeroo waraanaa gootaan geeraramuakka ta’e (Finnegan, 2012) ni
ibsiti. Innis onnee gootaa kakaasuudhaan akka inni waraanaaf qopheessuuf gargaara.Geerarasi
haalaafi yeroo itti geeraramuun garaagarummaa qabaachuu ni danda’a. Garaagarummaan kunis
25

qabiyyeefi ergaan isaan dabarsaniin kan hubatamuu danda’amuudha. Kana jechuunis geerarsi
yeroo duulaaf deeman geeraramuu, kan yeroo duularra jiran geeraramuufi wayta duularraa
deebi’an geeraramu jidduu garaagarummaan qabiyyeefi ergaa jiraachuu danda’a (Finnegan,
2012).

Akaakuu geerarsaa keessaa tokko geerarsa adamooti. Geerarsi adamoo yeroo adamoof deeman
yookiin adamoo irraa deebi’an geeraramuudha. Haala itti fayyadama jechootaa kana ilaalchistee
Finnegan (2012) yoo ibsitu, afwalaloon geerarsaa jechoonni fakkaattii sammuu namaa keessatti
uumuu danda’an malleen dubbii kanneen akka bakka buusa, iddasaafi ukukkubee yookiin gurra
guddisa gargaaramuun baay’inaan mul’atu.

Faayidaan geerarsa inni biroo hanqinoota namoonni hojjetan ittiin qeequudha. Kaayoo guddaan
geerarsa kanaa namoota wantoota hawaasni irraa hingeene hojjetan ittiin saalfachiisuufi
namoonni biroo hojii fakkaataa akkasii akka hin hojjenne akeekkachiisuudha. Kana gochuuf
immoo akaakuu dubbii qolaa keessaa gurra guddisa gargaaramuun dogoggoroota hojjetamniif
xiyyeeffannoon akka kennamu taasisu (Finnegan, 2012).

2.6.2.4. Afwalaloo Hojii

Afwalaloon hojii afwalaloo yeroo hojiin garagaraa hojjetamu miira ofii ittiin kakaasuun
dadhabbii irraa dandamachuuf jecha kan itti gargaaramaniidha. Afwalaloo hojii ilaalchisee
Eshetee (2007)fi Abraham (1999) yoo ibsan, afwalaloon hojii weedduu yeroo hojiiwwan
garagaraa hojjeetaman akka dadhabbiin namatti hindhagahamne gochuuf sirbamuudha fwalaloon
hojii yoomessa hojii fi akkaataa sochii/ haala rukuttaa hojiinsun itti raawwatamu irratti kan
dundaa’uudha. Yoomessi afwalaloo hojii kunneen haala galumsa hojiiwwanii waliin kan
walqabatuudha. Afwaaloowwan kunneen weedduu gamtaa kan yeroo qonnaa, oomisha
oomishan, haramaa haramanii, mooyyee tuman, naanniga too’an, daandii hojjetaniifi midhaan
ooyruurraa uudatti/ ooyditti guuraniifi yeroo uudarratti calleessan jedhaniidha.Yaada kana
ilaalchisuun Finnegan (2012) akkasitti ibsiti.
There are co-operative songs for hoeing, weeding, mowing, launching a boat,
sawing, hauling in fish-nets, pounding, floor beating, throwing water up from deep
wells in a human chain, carrying a chief in his hammock, hanging up beehives, or
rubbing animal skins to make them soft there are domestic and solitary songs for
26

women grinding corn or pounding rice there are sang songs for pulling trucks, for
road work, for factory hands, and for miners.

Baanuu armaan olii irraa kan hubannu afwalaloon hojii keessatti hojiiwwan humnaa kanneen
akka haramaa haramuu, mooyyee tumuu, qurxummii adamsuu, eela toohuufi kkf yeroo
hojjetanitti akka hamilee hojii horataniif weedduu ittiin of jajjabeessan qabaachuu isaaniiti.
Akkasumaas, weedduun hojii kun yeroo dubartoonni midhaan calleessan, daandii hojjetan,
albuudaa baasaniifi kkf weeddisan kun weedduu tokkummaa dubartootaa cimsu ta’uu isaati

Afwalaloonhojii kun miseensonni hojii waloo hojjetan kak’umsa hojii akka uummatan gochuun
humna olanaa akka fayyadaman gargaara. Yaada kan dhugoomsu Thomas (1997:846) akkanatti
ibsa, “Worksongs helped workers in communal tasks apply maximum power at appropriate
moments in the work cycle”. Yaadni kun kan ibsu, miseensonni hojii sunmiira wal deeggarsa
hiriyummaafi waliin jireenyaa uummachuun hojii ulfaataa kamuu humna olaanaan sa’aatii
gabaabaa keessatti akka hojjetan taasisa

Gama biraatiin afwalaloon hojii yeroo hojii garagaraa hojjetan weeddifamu hariiroo namoota
jidduu cimsuu irraa kan ka’e weedduu tokkummaa jedhamuuniis ni beekama. Yaada kana
ilaalchisee Esheteen, (2007) akkasitti ibsa, “The weedduu hujii (work song) is sung to reinforce
belonging together, solidarity and friendship.” Yaada kanarraa kan hubannuafwalaloon hojii
yeroo hojii weeddisan miseensota hojii san jidduttiwaliin jireenya, tokkummaafimiira
hiriyummaa ka cimsu ta’uudha

Walaloon hojii kan weeddifamu yoomessa isaa hordofuun yeroo hojiiwwan gamtaa kanneen
akka qonnaa, aramaa, tumaa, ijaarsa manaafi kkf (Eshete, 2007:173). Kanaafuu afwalaloon hojii
ibsutuu amala hawaasaa, muuxannoofi beekumsa hawaasaa kan waliiniitiUmmanni Oromoo
hojiiwwan gamtaan hojjetamaniif iddoo ol’aanaa qabaachuu ilaalchisee Esheteen (2007: 173)
yoo ibsu akkas jedha, “The Oromo emphasize the importance of collective work because it is
believed to enhance a deep sense of friendship, social solidarity and common purpose.” Yaada
kanarraa kan hubannu Ummatni Oromoo barbaachisummaa hojii waloof xiyyeeffannoon isaan
qaban ol’aanaa ta’uu isaati.
27

Rukuttaan muuziqaa weedduu hojii tokkummaa buusaa’verse’ walaloo eeguu irra darbeewayta
namoonni hojii hojjetanitti miira waldorgommiifi hawwii cimaa miseensota hojii gamtaa/hojii
waloo jiddutti uumuun akka marsaa/ dabaree isaanii eeganiifi osoo duubatti hin deebine
tokkummaan gara fuula duraa akka deeman gargaara.Yaada kana ilaalchisee Finnegan
(2012:225) akkas jechuun ibsite,

The beat and song keep the line exactly together, and there is a feeling of
competition and excitement which keeps all in their places with no falling
behind or faltering. In this way the huge farm gets hoed with incredible
speed, and the Limba themselves point to the importance of the songs in
adding both efficiency and pleasure.

Baanuu armaan olii kanarra kan hubannu sirbi hojiifi haalli rukuttaan sirba hojii akka tartiibni
sochii namootaa wal hin faallessine kan eeguufi miira waldorgommii jidduu isaaniitti uumuudha.
Akkasumaas hojiin baay’eenyookiin ulfaataan yeroo gabaabaa keessatti miira gammachuufi
gahumsaan akka hojjetamuuf afwalaloon hojii kun barbaachisaa ta’uu isaati.

Akkuma duraarratti ibsame faaruun hojii baay’een caasaa waljalaa qabuutiin sirbama. Uunki
waljalaa qabinsaa kun waliin jireenyaafi waliin dubbiin miseensota jiddutti akka dagaagu taasisa.
Waliin dubbiin kun immoo walhubannaafi jaalalti jidduu isaaniitti akka dagaagu taasisa. Haalli
kun immoo hawaasummaa ijaaruu keessatti iddoo ol’aanaa qaba.

2.7. Maalummaa Afwalaloo Dikkoo

Afwalaloon dikkoo gooroo afwalaloo keessaa tokko ta’ee afwalaloo hojii kan dubartooni
Harargee yeroo mooyyeetti midhaan tumaniifi dhagaa irratti daakuu daakan weeddisaniidha.
Afwalaloon dikkoo dubartoonni yeroo hojiiwwan garagaraa hojjetan weeddisan akka dadhabbiin
isaanitti hindhagahamne gochuuf gargaara. Akkasumaas dubartoonni dikkoo akka madda
bashannanaatti itti gargaaramuun qaamaafi sammuu isaanii ittiin boqachiisu; wantoota naannoo,
dhimmoota hawaasummaa, jaalalaafi diddaa ittiin ibsatu. Kana jechuunis roorroo qaama
birootiin isaan irratti raawwatameefi midhaa irra gahe karaa dikkoon ibsachuu danda’u

Dikkoon afwalaloo hojii ta’uu irra kan ka’e haalli rukuttaa walaloo ishee akkaataa raawwii gosa
hojii dubartoonni hojjetan irratti kan hundaa’eedha. Kana jechuun akkaataan sochii dubartootaa
28

haala hojiin sun itti raawwatu waliin walqabatee rukuttaa walaloo faana sochoo’u. Akkasumaas
dikkoonakaakuu afwalaloo bifa waljalaa qabuutiin (call and response) kan weeddifamuudha.
Kana jechuun nama weedduu baasu ‘weedbasa’ ‘soloist’ akkasumallee kan jalaa qaban
‘chorus’tu jira. Yeroo adeemsa wal jalaa qabuu kana keessatti haala weedbasaafi jalaqabdoonni
itti waliif deebisan keessatti jechoota sasalphaa ta’an kan hiika dhaabbataa hin qabne garuu
kanneen rukuttaa walalichaa eeguufi tartiiba ittiin waliif deebisan mijjeessuu qofaaf kan itti
fayyadaman kanneen irra deddeebii baay’ee qabuutu mul’ata.

Dikkoon afwalaloo hojii ta’uu irraa kan ka’e akkaataan sochii qaamaa (hurruubummaa)
dubartootaa akaakuu hojii isaan hojjetanii irratti hundaa’uun garaagara ta’uu mala. Kana jechuun
haalli sochii dubartootaa kan yeroo daakuu dhagaa irratti daakaniifi kan yeroo mooyyee tuman
taasisan jidduu addaa addummaanjira. Garaagarummaan haala sochii qaamaa kun akkaataa
akaakuun hojii sun itti raawwatamu waliin hidhata qabaachuu irraa kan uumamu isaa hubanna.
Kana jechuunis yeroo daakuu dhagaa irratti daakan dubartoonni jilbaan jilbiiffatanii harka isaanii
lamaaniin majii dhagaa irra olii gadi deebisudhaan midhaan callaa gara daakuutti jijjiiru. Sochiin
qaamaa yeroo kana taasifamuus adeemsa hojii kana faana kan deemuudha. Akkasumaas yeroo
mooyyee keessatti midhaan tuman sochiin dubartootaa haala hojiin mooyyee tumuu itti
hojjetamu waliin kan walqabatuudha.

Dabalataanis haalli yeedaloo yeroo daakuu daakan jedhaniifi kan yeroo mooyyee tuman jedhan
akkuma sochii qaamaa garaagarummaa qaba. Haalli yeedaloo akkuma sochii qaamaa akkaataa
hojiin itti hojjetamu waliin walqabata waan ta’eef. Akkaataan rukuttaa ’rhythm’ walaloo yeroo
daakuufi mooyyee tuman haala hojiin itti hojjetamu waliin wal qabata. Haalli kun immoo
kaka’umsaafi humna dabalataa dubartoonni akka horatan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

2.8. Qorannoowwan Aantee

Afwalaloo dikkoo waliin wal qabatee qorannoon dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti dhiyaate
jiraachuu qorataan sakatta’a taasiseen mirkaneesseera. Kana jechuun sakatta’a qorataan taasiseen
dikkoo irratti qorannoon adeemsifame kan qorataa qunname hin jiru jechuudha malee guutumatti
hin jiru jechuu miti. Garuu, tattaaffii qorataan taasiseen hojiin qorannoo mataduree isaa dikkoo
ta’e argachuu hin dandeenye. Haata’uu malee, hanqina gama kanaan jiru duuchuuf qorataan
29

hojiiwwan qorannoo akaakuu afwalaloo hojii dubartootaa Afrikkaa irratti adeemsifame


sakatta’eera. Sababni isaas afwalaloon dikkoo akaakuu afwalaloo keessaa tokko waan ta’eefi.
Akkasumaas sakatta’a taasifamerraa afwalaloo hojii dubartoota Afrikkaafi dikkoon wantoota
baay’een kan fakkaatan ta’uun hubatameera. Walfakkeenya isaanii keessaa tokko yeroo hojii
hojjetanitti dadhabbiin akka itti hin dhagahamneef kan weeddisan ta’uudha. Kan biraa immoo
bifa waljalaa qabuutiin kan sirbamuufi dhimmoo garagaraa kanneen akka qeeqa naannoo ofii
irratti qaban ibsachuu, jaalalaafi haala jiruufi jireenyaa irratti waan itti dhagame afwalaloo hojii
keessatti kan ibsatan ta’uu irratti walfakkeenya qabu.

Gama biraatiin qorataan sakatta’a wayta barruulee garagaraa taasisetti hamma isaa danda’ametti
barreeffamadikkoo irratti barreeffamee jiru sakatta’uuf yaaleera. Haaluma kanaan hojiiwwan
qorannoo Taaddalaa (2016)fi Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatii mataduree barruu Waaltina
Afaan Oromoo jedhuun Wiirtuu Jildii 8ffaa keessatti maalummaa dikkoofi walaloowwan dikkoo
hammi tokko ibsamuuf yaalamuu sakatta’uu dandeera:barreeffamoota lamaanuu keessatti
afwalaloon mataduree barreeffamichaa yookiin kitaabichaa osoo hintaanemataduree biroo jalatti
ibsuuf kan yaalameedha.

Taaddalaanmata duree qorannoo “Qaaccessa Weedduu Lakkoo: Haala Oromoo Gaamoo Godina
Haragee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa” jedhu jalatti afwalaloo dikkoo keeyyata tokko qofaan
ibsuu yaaleera. Keeyyata tokkoo qofaan ibsuu qofa osoo hinta’in akkaataan inni afwalaloo
dikkoo itti hubate rakkoo ta’uu isaati. Sababni isaas Taaddalaan afwalaloo dikkoo akaakuu
weedduu yeroo cidhaa sirbamu jalatti ramaduun ibsuun isaa dogoggora. Akkaan tilmaamutti
afwalaloon dikkoo haala kanaan ibsuun isaa shaggooyyeefi afwalaloo dikkoo gargar
baaseehubachuu dhabuu irraa kan ka’e ta’uu mala. Afwalaloo dikkoofi shaggooyyee jidduu
walitti dhufeenya guddaatu jira. Garaagarummaan isaan jidduu jiru yoomessa, qooda
fudhattootaafi tajaajila isaan kennaniidha. Sababa kanaaf namni aadaa hawaasaa keessatti hin
guddatin tokko qabiyyee afwalaloo qofa ilaalee garaagarummaa isaanii hubachuuf baay’ee
rakkisa. Kanumarraa kan ka’e natti fakkaata Taaddalaanis maalummaa afwalaloo dikkoo
hubachuuf kan rakkate. Gabiraatiinafwalaloon dikkoo akaakuu afwalaloo baay’ee bal’aa waan
ta’eef keeyyata tokkoo yookiinlamaan qofaan ibsuun rakkisaadha. Kanaafuu qorannoo kana
keessatti dogoggora gama maalummaa dikkoonmul’ate sirreessuufi afwalaloon dikkoo qabiyyee
baay’ee of jalaa qabaachuu akka danda’u beeksisuun qaawwa mul’ate kana duuchuudha.
30

Gama biraatiin Wiirtuu Jildii 8ffaa keessatti barreeffama kaa’ameen dikkoo ibsuu irratti hamma
tokko yaalameera. Barreeffama Jildii 8ffaa keessatti barreeffameen maalummaa afwalaloo
dikkoo haala gaariin ibsameera. Innis afwalaloon dikkoo afwalaloo hojii kan dubartoonni yeroo
mooyyee tumaniifi daakuu daakan weeddisan ta’uu ibseera. Akkasumaas afwalaloo dikkoo
qabiyyeewwan muraasatti qooduun ibsuun yaalameera. Qorannoo “Mataduree xiinxala
qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo dubartootaa Harargee Bahaa Aanaa Grawaa,” jedhu irratti
adeemsifameefi barreeffama qorannoo Wiirtuu Jiildii 8ffaa keessa jiru jidduu walfakkeenyi
isaani: lamaan isaaniituu maalummaa afwalaloo dikkoo ilaalchisee afwalaloo dubartoonni yeroo
mooyyee tumaniifi daakuu daakan weeddisan ta’uu ibsu. Akkasumaas afwalaloon dikkoo
qabiyyeetti qooduun xiinxaluu irratti wal fakkaatu.Garaagarummaan isaanii immoo hamma
qoqqoodinsa qabiyyeewwaniifi adeemsa qorannoon hordofeedha.Jildii keessatti barreeffamni
barraa’e qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo iddoo muraasa qofatti qooduun kan xiinxalameedha.
Akkasumaas xiinmalli qorannoon tokko hordofuu qabu guutumatti barreeffamicha keessatti
hinhammatamne. Qorannoo kana keessatti qabiyyeewwan dhimmoota dikkoo waliin wal qabatu
irratti hundaa’uun iddoo baay’eetti kan qoodamaniifi gadfageenyaan xiinxalamuun dhaabbata
barnoota olaanaaf dhihaachuu isaati. Akkasumaas qorannoo kana keessatti ka’umsi, malleen
funaansa ragaalee, malli iddatteessuu, wixinee qorannoofi kanneen biroo ifatti kaa’amaniiru.
31

3. XIINMALA QORANNICHAA

Boqonnaa kana keessatti kanneen dhiyaatan ibsa iddoo qorannoo, saxaxa qorannoo, madda
ragaalee, iddattoowwaniifi malleen iddatteessuu, malleen funaansa ragaalee, mala xiinxala
ragaaleefi naamusa qorannootu tartiibaan dhiyaata.

3.1. Ibsa Iddoo Qorannichaa

Qorannoon kun adeemsifame Harargee Bahaa Aanaa Gurawaatti. Aanaan Gurawaa aanaalee
Godinni Harargee Bahaa qabu keessaa isa tokko. Aanaan Gurawaa magaalaa guddittii Godina
Harargee Bahaa Magaalaa Harar irraa75km gara Kibba Dhihaatti fagaattee argamti. Aanaan
Gurawaa kallattii Bahaatiin Aanaawwan Fadis lamaaniin kan daangeeffamu yoo ta’u, kallattii
Kaabaa Bahaafi Kaabaan Aanaa Haromaayaafi Aanaa Kurfaa Calleeti. Akkasumaas kallattii
Kibbaan Aanaa Mayyuu mulluqeetifi kallattii Dhihaan immoo Aanaa Baddannooti.

Gama birootiin Aanaa Gurawaa keessatti gaarreewwan beekkamoo ta’aniifi iddoowwan hawwan
tuurizimiif ooluu danda’an baay’eetu argama. Gaarrewwan gurguddoo keessaa Gaara Mul’ataa
kan Aanaa Baddannoo, Aanaa kurfaa Calleefi Gurawaa jidduu jiruufi Gaara Geeyle jedhamee
beekamu kan Gaara Mul’ataa irraa gara Kibbaatti fageenya7km irratti argamuudha. Akkasumaas,
iddoowwan hawwata tuurizimiif ooluu danda’an kan uumamaafi kan namtolchee ta’an
baay’inaan aanaa kana keessatti argamu. Isaan keessaa ijoo kan ta’an Holqa Laga Barzaalaa,
mana hidhaa Iyyaasuu, iddoo dhaddacha Bakar Waaree kan ture iddoo Fugug jedhamu, Holqa Ija
Kuulaafi wkf baay’eetu jiru.

3.2. Saxaxa Qorannichaa

Qorannoon kun gosa qorannoo keessaa qorannooakkamtaatti dhimma ba'uudhaan kan


gaggeeffameedha. Sababni qorannoon akkamtaa kun filatameef afwalaloo dikkoo qorachuun kan
danda'amu iddoofi hawaasa qorannoon irratti taasifamu biratti qaamaan argamuun
daawwachuun, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannaan ragaaleen qorannoo kanaaf funaaname.
Saxaxni qorannoo kanaa saxaxaqorannoo akkamtaa ta’ee, akaakuu qorannoo sanyabsaatti kan
dhimma bahameedha. Sababni isaas xiyyeeffannoon qorannoo sanyabsaa aadaa hawaasaa
32

irrattiwaan ta’eef qaamaan bakka aadaan sun qabatamaan tajaajilutti argamuun gurraan
dhagahuufi ijaan ilaaluun ragaalee funaanamuun kan qoratamu ta’uu ibsa.
Afwalaloon dikkoo seenaafi aadaa dubartoota Harargee kan ibsu waan ta’eef yaad-rimee
qorannoo sanyabsaa bu’uura godhachuun iddoo qorannoon kun irratti taasifametti qaamaan
argamuun haala qabatamaa hawaasichaa keessatti qorannoo gaggeeffameedha.

3.3. Madda Ragaalee Qorannichaa

Qorannoo kana keessatti maddi ragaaleen qorannoo kanaa irraa funaaname madda ragaalee
tokkoffaafi lammaffaadha. Madda ragaalee kan ta’an hawaasa qorannoon kun irratti
adeemsifame keessaa qorataan qaamaan dirree qorannootti argamuun kallattiin manguddoota
beekumsa afwalaloo dikkoo qaban irraa kan funaanameedha. Qorannoo kana keessatti ragaaleen
harki caalaan madda ragaalee tokkoffaa irraa funaanameedha. Qorataan ragaalee kanneen
funaanuuf kan itti gargaarameyaadannoo qabachuu, waraabbii suur-sagalee, waraabbii
sagaleetiifi suuraa qabachuudha. Ragaaleen funaanamankunneen argaafi dhageettiin waan walitti
qabamaniifqabatamummaafi amanamummaa isaanii hinshakkisiisu.

Gama biraatiin qorannoo kana keessatti ragaaleen madda ragaalee lammaa irraa ragaaleen
funaanamaniiru. Haata’uu malee mata duree kanaan wal qabatee ragaaleen madda ragaa
lammaffaa irraa bal’inaan argamuu hin dandeenye. Sababni isaas mata duree qorannoo kanaan
kallattiin kan wal qabatu qorannoon gaggeeffame bal’inaan jiraachuu dhabuu irraa kan ka’eedha.
Akkasumaas Biiroon Aadaafi Turizimii Aanaa Gurawaatiin mata durichaan kan wal hojiin
hojjetame jiraachuu dhabuun ragaaleen madda ragaalammaffaa irraa argamuu male akka hin
argame taasiseera. Garuu, barreeffamoota Wiirtuu Jiildii 8ffaafi qorannoo Taaddalaa keessatti
mata duree qorannoo kanaan kan wal qabatu hojiin hammi tokko ni jiru. Kanaafuuhojiiwwan
lamaan kanneen irraa ragaaleen akka madda ragaa lammaffaatti gargaaran funaanameera.

3.4. Iddattoofi Mala Iddatteesuu

Mtaduree kana jalatti iddattoowwaniifi maleen iddatteessuu qorannichaa gabaabinaan kan


ibsaman ta’a.
33

3.4.1. Iddattoowwan Qorannichaa

Iddattoowwan qorannoo kanaa akkuma mata dureen qorannichaa mul’isu afwalaloon dikkoo kan
dubartootaa waan ta’eef, manguddoota dubartootaa kanneen muuxannoofi beekumsa
afwalaloodikkoo qabaniidha. Sababni isaas afwalaloo dikkootti kan tajaajilaman dubartoota
waan ta’eef dhiira caalaa ragaa qorannoo quubsaa kan kennuu danda’an isaan waan ta’eefi.
Bu’uuruma kanaan qorataanmanguddoota dubartootaa qorannoo kanaaf odeeffanoo gahaa irra
argachuu danda’a jedhe akka iddattootti filateera.

Haaluma kanaan qorataan araddoota saddeet (8) keessaa manguddoota dubartootaa lakkoofsaan
kudha jaha (16) iddattoo qorannichaaf filateera. Manguddoonni kunneen beekumsaafi
muuxannoo isaan afwalaloo dikkoo irratti qaban irratti hundaa’uun iddattoo qorannoo kanaa
ta’aniiru. Dubartoonni iddattoo ta’an kun beekumsa afwalaloo dikkoo kan argatan wayta hojii
mooyyee tumuufi daakuu daakuutti hirmaatan haadholii isaaniifi hawaasa keessatti guddatan
irraahi.

3.4.2. Mala Iddatteessuu

Malli iddatteessuu qorannoo kanaa mala iddatteessuu miti-carraati. Sababni isaas akaakuu
qorannoo akkamtaa keessatti malli iddatteessuu irra caalaa mijatu miti-carraa waan ta’eefi.
Akaakuu malleen iddatteessuu miti-carraa keessaa kan qorataan qorannoo kana keessatti itti
dhimma bahe mala iddatteessuu akkaayyoofi mala iddatteessuu darbadabarsaati. Sababni isaas
qorannoon kun qaama aadaa hawaasaa kan ta’e afwalaloo dikkoo irratti kan xiyyeeffatu waan
ta’eef, qaama ragaaleen quubsaa ta’e irraa argamuu danda’uiddattoo sirrii filachuuf malleen
iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaan baay’ee bu’aa qabeessa.Akkasumaas qorataan
araddoota Aanaan Gurawaa qabu afurtamii torba (47) keessaa malleen iddatteessuu kanneen
fayyadamuun araddoota saddeet (8) iddattoo qorannoof filateera.

Malli iddatteessuu akkayyoo akkuma maqaan isaa ibsu mala iddatteessuu kan qorataan
kaayyeffatee namoota durumaayyuu hawaasa keessatti beeku kanneen ragaalee qorannoo irraa
argachuu danda’u akka iddattootti ittiin filatuudha. Waa’ee kanaa irratti Densombe (2007:17)
akkasitti ibsa, qorataan iddatteessuu akkayyoo kan gargaaramuuf jalqabumaahuu waa’ee
namoota beekumsa aadaa qaban kan ragaalee qorannoof ta’u irraa argachuu danda’u hamma
34

tokko ni beeka. Haaluma kanaan qorataan mala iddatteessuu akkayyoo gargaaramuun


manguddoota dubartootaa kanneen hawaasa keessatti afwalaloo dikkoo irratti muuxannoo qaban
iddattoof filateera. Kanumarraa ka’uun qorataan mala iddatteessuu akkayyoo gargaaramuun
manguddoota dubartootaa baay’inni isaanii jaha (6) ta’an kanneen ofii durumaayyuu beeku
iddattoof fitateera.

Malli iddatteessuu darbadabarsaa immoo tooftaa namoota aadaa hawaasaa irratti beekumsa
gahaa qaban eeruu namoota birootiin iddattoo taasifachuuf kan gargaaruudha. Iddatteessuu
iyyaafannoon akaakuu qoranoo sanyabsaa keessatti baay’ee bu’a-qabeessa (Densombe, 2007:17; Filee,
2019:69). Kanuma bu’uura taasifachuun qorataan manguddoota dubartootaa kanneen
muuxannoofi beekumsi dikkoo qaban karaa namoota ofii beekuutiin iddattoo qorannoo filachuu
danda’eera. Kunis kan ta’uu danda’e dubartoonni qorataan mala akkayyoon filateafwalaloo
dikkoo waan ofii beekan erga ibsanii, hawaasa keessatti eenyutu afwalaloo dikkoo irratti caalatti
beekumsa akka qabu waan wal beekaniif namootni sun iddattotti akka dabalaman ta’eera.
Tooftaan kun yeroofi baasii humnaa olii kan mudachuu danda’u hamma tokko hambisuu
danda’eera. Akkasumaas ragaaleen qorannoof barbaachisu dhokatee akka hin hafne gochuu
keessatti bu’a qabeessa ta’eera. Iddattoon qorannoo kanaa harki caalaan isaanii mala iddatteessuu
kanaan kan filatamaniidha. Kana jechuun dubartoota akka iddattoo qorannoo kanaatti filataman
16’n keessaa kudhan tooftaa iddatteessuu darbaadabarsaatiin kan filatamaniidha.

3.5. Malleen Funaansa Raragaalee

Malleen funaansa ragaalee garagaraa jiran keessaa qorannoo kana keessatti kan qorataan itti
dhimma bahe af-gaaffii, marii garee xiyyeeffannaafidaawwannaadha.

3.5.1. Afgaaffii

Qorannoo kanaaf ragaalee funaanuuf malleen funaansa ragaalee qorataan itti gargaarame keessaa
tokko afgaaffiidha. Af-gaaffiin akkuma maqaa isaa irraa hubatamu ragaalee garagaraa
dhimmoota adda addaa irratti funaanuuf raga- himtootaaf gaaffiilee afaaniin dhiyeessuudhaan
ragaa himtoonnis deebii gaaffiiwwanii afaanumaan akka kennaniif kan dhiyaatudha. Sababni
35

afgaaffiin filatameef akaakuun qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa waan ta’eef, mala filatamaa
ragaalee qorannoof barbaachisu ittiin argamuudanda’uudha.

Bu’uuruma kanaan afgaaffiiin haala itti ragaalee qorannoof barbaachisan argamsiisuu


danda’uungaaffilee dimshaashaa irraa ka’uun gara gaaffilee murtaa’ootti deemuun raga-
himtootaa dhiyeesseera. Gaaffilee dimshaashaa akka hirmaattonni yeroo dheeraa fudhatanii osoo
yaadni hindaangeffamin waan yaada garaa isaanii akka ibsaniif gargaareera. Akkasumaas
gaaffileen murtaa’oon yaadota murtaa’oo ta’an kanneen ibsa bal’aa hinbarbaachifne ittin
funaanuun danda’ameera. Gaaffileen yeroo afgaaffii akkaatu kaayyoo isaaniitiin akaakuu
lamaanuu irraa walumatti qabaan gaaffileen sagal (9) dhiyaataniiru.

Dubartoonni afgaaffii keessatti hirmaatan kunneen araddoota saddeettan qorannoon irratti


adeemsifame keessaa dubartoota dikkoo sirritti beekaniidha.Dubartoonni afgaaffiin dhiyaateef
kunneen hojii mooyyee tumuufi daakuu yeroo daakan dikkootti gargaaramuu irratti muuxannoo
guddaa kanneen qabaniidha. Haaluma kanaan afgaaffii isaaniif dhiyaateen afwalaloowwan
garagaraa kanneen qabiyyeewwan adda addaa irratti xiyyeeffatan funaanuun danda’ameera.
Akkasumaas gaaffilee isaaniif dhiyaate irratti hundaa’uun faayidaawwan dikkoo irraa argatan
muuxannoofi mudannoo isaaniin walqabsiisanii yaada bal’aa kaasaniiru.

3.5.2. Marii Garee Xiyyffannoo

Mariin garee qaamaan iddoo qorannootti argamuun yaadota hirmaattota mariitiin kan gurraan
dhaga’uun dhimmoota kanneen keessaa qorannoof barbaachisaa ta’an walitti qabachuuf qorataan
waan gargaareef filatame. Akkasumaas, yeroo mariigaree kanatti hirmaattonni walfamuun
yookiin walsirreessuun qabxii isaan irratti walii galaniifi ilaalcha ragaahimtoota hunda walii
galchuu danda’u argachuuf qorataa gargaareera. Qorannoo akkamtaa keessatti mariin garee
xiyyeeffannoo namoota muraasa hawaasa bakka bu’an kanneen afwalaloo iddoo irratti beekumsa
qaban irraa ragaalee qorannoof barbaachisu funaanuuf bu’a-qabeessa ta’eera. Mariin garee
faayidaa akkasii qabaachuu isaa ilaalchisee Denscombe (2007) fi Kotheri (2004:98) akkas jedhu,
mariin garee xiyyeeffannoo baay’ina namoota muraasaa kan of keessatti qabatu ta’ee kan gareen
sunneen karaa bakka bu’aa garee isaaniitii mata duree murtaa’aa ta’erratti muuxannoo, ilaalcha,
dhageettii, yaadaafi xiinsammuu isaanii ittiin waliif ibsanidha.
36

Yeroo marii garee hirmaattonni yaada dimshaashaa irraa ka’uun gara yaada murtaa’aatti akka
deeman gochuun ragaaleen barbaachisaan sassaabamuu danda’eera. Adeemsa marii garee kana
keessatti hirmaattonni marii hundi akka hirmaatan gochuun dhimmoota afgaaffiifi daawwaanaan
hubachuun hindanda’amneefi yaadota silaa hirraanfatamuu malan akka hinhafne taasisuu
keessatti baay’ee gargaareera.

3.5.3. Daawwannaa

Daawwanaan ta’insoota adda addaafi haala raawwii isaanii hubachuuf kan itti dhimma
bahameedha. Haala qabatamaa hojiirra oolmaa afwalaloo dikkoo hubachuuf jecha daawwannaan
taasifameera. Qorataan meeshaalee waraabbii kanneen akkadabtara yaadannoofi kaameeraatti
dimma bahuun yeroo dubartoonni daakuu daakaniifi mooyyee tuman itti tajaajilaman, haala
qabatamaa afwalaloo dikkoofi haala raawwii isaa, sochiiwwan qaamaa dubartoonni yeroo hojii
kanneenii taasisan, si’aahina dubartoonni yeroo dikkoo gargaaraman taasisan irraa mul’atuufi
meeshaalee aadaa hojiilee kanneen raawwachuuf barbaachisan daawwatamaniiru.

Gama biraatiin ragaaleen yeroo afgaaffiifi marii garee funaaname bu’uura godhachuun
qabatamaan haala hojiirra oolmaa afwalaloo dikkoo hubachuufi dhugummaa ragaalee kanneenii
mirkaneeffachuuf jedhamee daawwannaan taasifameera. Akkasumaas hariiroon dubartootaa
jidduu maal akka fakkaatu hubachuufi muuxannoo isaan adeemsa hojii keessatti waliif qoodan
adda baasuuf jecha daawwannaan adeemsifameera.

3.6. Adeemsa Funaansa Ragaalee

Ragaaleen qorannoo kanaa tartiiba duraa duuba isaa eeggate kan ittiin funaanaman qabu. Dursa
dhaabbilee/qaamolee barbaachisan irraa deeggarsa hayyamaa fudhachuudha. Deeggarsi kunis
xalayaa seera qabeessa ta’eefi dambii ittiin bulmaata mana hojichaa/dhaabbatichaa guuteedha.
Odeeffannoo kana harkattiqabachuun bakka ragaaleen irraa funaaname deemuun ragaaleen
sassaabameera.

Ragaahimtootarraa ragaalee funaanuu osoo hin eegalin dura kaayyoofi barbaachisummaa


qorannichaa irratti hirmaattootaaf qorataan ibsi kennameera. Ragaalee kennuu irratti hayyamoo
37

ta’uu isaanii mirkaneeffachuun hojiitti galame. Haaluma kanaan ragaaleen yeroo funaanaman
tartiiba duraa duuba malleen funaansa ragaalee hordofuun funaanamaniiru. Kana jechuunis
jalqabarratti afgaaffiidhaan sana booda marii garee xiyyeeffannoofi dhumarratti daawwannaan
ragaaleen funaanameera. Yeroo kanatti maqaa hirmaattotaa, mataduree, kaayyoo qorannichaa,
sa’atii gaafiifi deebii qabame, iddoo afgaaffii, umrii, saalafi kan biroos galmeesseera. Yeroo
afgaaffiitti adeemsa afgaaffii gaarii fayyadamuun barbaachisaadha. Innis kan xiyyeeffatu hamma
danda’ametti gaaffilee qorannoo bu’uurfachuufi gaafiifi deebii sa’atii murtaa’e keessatti
xumuruudha (Creswel, 2007:175). Yaada kana bu’ura godhachuun wayta dirree qorannootti
bobba’etti qorataan yeroo afgaaffii ragaakennitootaaf dhiheessutti sa’atiifi iddoo murtaa’aa
filachuun ragaaleen sassaabameera.

Wayta afgaaffii hirmaattota dhuunfaa dhuunfaan afgaaffii gaafatameefi marii garee


xiyyeeffannoo waliin gaggeeffametti ragaalee funaanaman galmeessuuf tooftaalee garagaraa
gargaarameera. Toofaaleen kunneenis yaadannoo barreeffamaa, suuraa kaasuu, sagaleefi suur-
sagalee (viidiyoo) waraabuun ragaalee akka galmeeffamu ta’eera. Tooftaan irra caalaa yeroo
afgaaffii kana ragaalee galmeessuuf tajaajile waraabbii sagaleefi yaadannoo qabachuudha.
Haata’uu maleedikkoon yeroo barreeffamu miidhagina yeroo afaaniin jedhamu qabu san dhabuu
danda’a. Kana jechuun afwalaloon yoo barreeffamu yeedaloo, hurruubsa, sochiwwan qaamaa
kan garagaraa waliin barreessuun rakkisaa waan ta’uufi. Dhuma irratti ammoo meeshaalee
funaansa ragaalee addaddaa tartiiba duraafi duuba isaa eeguun walitti qabamee yaadolee ijootti
qoqqooduun qaaccessaaf akka mijjatutti qinda’eera. Duraa duubummaan kunis af-gaaffiifi
daawwannaadha.Sababni duraa duubummaan kun barbaachiseef ammoo ragaalee af-gaaffiin
argaman daawwannaanwalqabsiisee xiinxaluuf tajaajila. Kanaafuu, galma gahinsa qorannoo
kanaatiif ragaaleen barbaachisan adeemsota eeraman kana keessa kan darbeedha.

Ragaaleen marii gareefi daawwannaan funaanaman immoo akkaatuma tartiiba isaaniitiin


ragaalee yeroo afgaaffii funaanaman dhugoomsuufi caalatti ifa gochuuf kan gargaaraniidha.
Mariin garee garee garagaraa lama kanneen miseensota jaha jaha of keessaa qabanitti hiruun
mariin adeemsifameera. Ragaaleen yeroo marii garee kana ka’an falmii garagaraafi ragaa
quubsaa waliin waan ka’uuf dhugummaan isaa mirkanaa’aadha. Dumarratti ragaalee malleen
funaansa ragaalee olitti eeramaniin funaanaman mirkaneessuufi haala qabatamaa hawaasaa
keessatti hojiirra oolmaa afwalaloo dikkoo hubachuuf daawwannaan taasifameera..
38

3.7. Mala Xiinxala Ragaalee

Erga ragaaleen qorannoo guuramanii booda tarkaanfiin itti aanu ragaalee argaman kanneen
qaaccessuudha. Malli qaaccessa ragaalee qorannoo kana keessatti qorataan itti tajaajilame mala
qaaccessa akkamtaati. Mala qaaccessa akkamtaa keessaaimmoo mala qaaccessa qabiyyeeti.
Malli qaaccessa qabiyyee ragaalee walitti qabaman tokko keessa dhimmoota ijoo jiran gaaffilee
bu’uuraa irratti hundaa’uun qabiyyeewwan ijoo ta’anitti qooduun xiinxaluudha. Ragaaleen
afgaaffii, marii gareefi daawwannaan argaman yaadolee ijootti qoqqoodamuun ibsamaniiru.
Kunis ragaalee ragaahimtoota addaddaarraa argaman wal madaalchisuun qabiyyeefi ergaa
isaaniiniitiin addaan qooduun kanneen walitti dhufeenya qabaniifi walitti dhufeenya hinqabne
addaan baasuun moggaasuu(coding)dha. Akkasumaas tartiiba ragaaleen ittiin funaanamaniin
ragaalee afgaaffii xiinxaluun ragaalee marii gareefi daawwanna tartiibuma isaaniitiin
qaacceffamuun yaadota walfakkaatu waliin barbaaduun kan ibsameedha.Yeroo kana qabxiilee
gaaffilee bu’uuraa addaan baasuun, irra deddeebii jechootaafi himootaa hambisuun, yaadolee
walfakkaatan walitti fiduun akka qaaccessuuf mijjatutti qindeessuun erga qophaawanii
qaacceffamaniiru.

Qorataan dirree qorannootti argamuun ragaalee funaane kanneen qaacceessuuf ilaalchota


hirmaattota ragaalee kennanii irratti hundaa’uun xiinxaleera. Akka hirmaattoonni hiika itti
kennanitti xiinxalaafi hiika itti kenneera. Xiinxalli kunis afwalaloon dikkooqabiyyeewwan
akkamii akka of keessaa qabu, hawaasaa akkamiin akka tajaajilu, jiruufi jireenya
hawaasichaakeessatti hammam akka barbaachisu ibsuudha.Adeemsi kun qorannoo akkamtaa
keessatti barbaachisaafi bu’a-qabeessa (Creswel, 2012). Gama birootiin qorataan dhugummaafi
fudhatamummaa qorannichaa mirkaneessuuf tooftaalee garagaraatti gargaarameera. Akaakuu
qorannoo akkamtaa keessatti karaaleen dhugummaafi fudhatamummaa qorannoo ittiin
mirkaneeffatankeessaa tokko gara dirree qorannootti deebi’uun argannoo qorannichaa qaama
qorannoon sun irratti gaggeeffameef dhiyeessuudha. Adeemsa kana hordofuun qorataan murtii
namootaa ragaalee kennanii irratti hundaa’uun fudhatamummaafi dhugummaa argannoo
mirkaneeffachuu danda’ameera.
39

3.8. Naamusa Qorannoo

Qorannoo tokko gaggeessuu keessatti naamusni qorannoo baay’ee murteessaadha. Akka


beektonni waa’ee aadaa hawaasaa qoratan ibsanitti naamusni qorannoo dhimma of eegannoo
cimaa barbaaduudha. Kanaafuu, kaayyoo dhimma qorannoo adeemsifamuu ifaan ifatti
hirmaattota qorannichaaf himuu, icciitii namoota ragaa kennanii eeguu, hariiroo gaarii hawaasa
waliin uumuu, aadaafi safuu hawaasa sanaa kabajuu, yeroo isaanii aarsaa godhanii anaa waliin
turuu isaaniif galateeffachuu fa’a of keessaaqaba.

Akkasumas seerota, safuu hawaasaa, daangaa hawaasaafi nama qorannoo adeemsisu gidduu jiru
beekuu, wantoota hawaasni eeyyamuufi hineeyyamne/jaallatuufi jibbu adda baafachuu, ragaa
funaanuuf eeyyama hawaasaafi qaama bulchiinsaarraa argachuu, maallaqa qorannoof ramadame
keessaa ragaakennitoonni akka fayyadaman taasisuu, garaagarummaafi safuu garee hawaasaa
gidduu jiru beekuu, ragaa kennameef mirga abbummaa mirkaneessuu, aadaaleefi raawwannaalee
hawaasaa hunda jaalachuufi kabajuun milkaa'ina qorannoo gaggeeffameef gatii guddaa qaba.

Gama birootiin haala jiruufi jireenya hawaasa qorannoon kun irratti adeemsifamee hubachuun
akka qaama isaaniitti keessatti hirmaachuun barbaachisaa ture. Naannoon qorannoon kun irratti
adeemsifame baadiyyaa fagoo waan ta’eef oolmaafi bultiin achuma ture. Yeroo kana waan
hawaasni sun qabu osoo hin tuffatin waliin qooddachuun koo miira aantummaa akka naaf
qabaatan isaan taasiseera. Ragaakennitootaa kabajuu, loogii irraa fagaachuu, abbummaa ragaalee
ragaakennitoota ta’uumirkaneessuuf, kaayyoo qorannichaa ibsuuf, ragaalee funaanaman dhimma
biroof oolchuu dhabuu, malaammaltummaa irraa fagaachuufi wkf irratti qorataan wayta dirree
qorannoo naamusa qorannoo eeguun ragaa-kennitoota qorannichaa waliin turtii taasiseera.
40

4. DHIYEESSA, QAACCESSAAFI IBSA RAGAALEE


Boqonnaan kun kan irratti xiyyeeffatu afwalaloo dikkoo Aanaa Gurawaa funaanuu,
qabiyyeedhaan qoqqooduufi xiinxaluudha.Haaluma kanaan kaayyoowwan qorannoo kanaa
galmaan gahuuf kan gargaaran gaaffiiwwan qorannoo waliin qabsiifamee tartiiba isaa eeggalee
kan dhiyaateedha. As jalatti kan dhiyaatu qaaccessa afwalaloo dikkoo qabiyyeewwan ijoo
ta’anitti qooduun xiinxalame, faayidaalee afwalaloo dikkoofi haala itti fayyadama afwalaloo
dikkoo yeroo ammaati.

4.1. Qabiyyeewwan Afwalaloo Dikkoo

DubartoonniHarargee yeroo mooyyee tumaniifi yeroo midhaan daakan dadhabbiin akka isaaniitti
hindhagahamnetaasisuufafwalaloodikkoo gargaaramaa hojjachuu isaanii ibsameera. Afwalaloo
dikkoo keessatti ergaan bo’oowwan walaloo jalqabaa hanga dhumaatti tokko ta’uu dhabuu mala.
Ragaalee funaanamaniifi yaadni namoota irraa argame akka mul’isutti yeroo baay’ee bo’oowwan
walaloo garri jalqabaa bo’oowwan dhumaa waliin yaa’aa walfakkaataa akka qabaatuuf jecha itti
fayyadaman malee ergaan isaanii tokkummaa qabaachuu dhabuu danda’u. Bo’oowwan jalqabaa
kunneen hawaasa keessatti “murteessaa” jechuun beekama. Murteessaan akka walaloon yaa’aa
sirrii qabaatu taasisa. Ergaan bu’uraa walaloon dabarsuu barbaadan bo’oowwan gara dhumaa
keessatti argamu. Kanaafuu adeemsa qaaccessa ragaalee keessatti yeroo tokko tokko bo’oowwan
guutuu walalichaa xiinxaluu caalaa ergaa walalichaan dabruu barbaadame qofa irratti
xiyyeeffachuun ni mul’ata.

Qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo muuxannoo, falaasama, seenaa dubartootaafi haala jiruufi


jireenya dubartootaa kanneen calaqqisan ta’uu afwalaloowwan adda addaa irraa hubadhuun ni
danda’ama. Haaluma kanaan ragaalee funaaname irratti hundaa’uun xiinxala godhameen dikkoo
keessatti dubartoonni yaadota garagaraaf akka itti gargaaraman hubachuun ni
danda’ama.Qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo ijoo ta’an balaaleffannaa gowwaa, arrabsoo,
jaalala, waliin jireenya, waldhabbii, qeeqaa, hariiroo hawaasummaa, gorsa, daa’ima ofiitiin
faarsuufi kkf irratti xiyyeeffatu. Qabiyyeewwan dikkoo kunneen armaan gaditti bal’inaan kan
ibsamaniiru.
41

4.1.1. Balaaleffannaa Gowwaa

UmmataOromoobirattigowwaan ni balaaleffatama; hin jaalatamu.Gowwaa ta’anii dhalachuun


hojii Waaqaa ta’uus Oromoon gowwaan akka hindhalanne hawwa. Hawaasa keessatti gowwaan
amaloota gowwummaa isaa calaqqisaniin kan inni tuffatamu. Haaluma walfakkaataan shamarran
yeroo mooyyee tumaniifi daakuu daakan afwalaloo dikkoo fayyadamanii gurbaa gowwaa ittiin
qeequ.Akka ragaaleen marii garee irraa argame ibsutti qeeqni dubartootaa kun ilaalchaafi
beekumsa hawaasaa irraa muuxannoo horatan kan bu’uureffatee ergaa dabarsu qaba. Bu’uuruma
kanaan shamarran gurbaa gowwaa qaadhimachuufis ta’ee tapha aadaa garagaraa waliin
taphachuuf hin filatan.Akka ragaan afgaaffiifi marii irraa argame mul’isutti, dubartoonni dikkoo
fayyadamuun yeroo hojii hojjetanitti dadhabbiin akka itti hindhagahamne gochuu irra dabree
hubannoo walii cimsuuf itti gargaaramu. Gurbaa gowwaa ittiin tuquuf walaloo armaan gadii
fayyadamu.
Hafee1
Qalamshiishaan hodhaa
Safii niin ottobaa
Gowwaa akka hin qabne
Qabeetiin sossobaa.

Afwalaloo armaan olii kanarraa kan hubatamuu danda’u hawaasummaa keessatti wantoonni
balaaleffataniifi ummatichaan jibbaman keessaa tokko gowwaadha.Shamarran hiriyaa yoo filatan
gamnummaa kan qabu malee gowwaa akka hinfilanne wal hubachiisu. Gowwaan dhugaafi soba
addaan baasee hubachuu hin danda’u. Kanaafuu shamarri gurbaa gowwaa kan dhugaafi soba
addaan baasee hinhubanne sittiin heeruma jechuun sossobdee akka inni ooyruu warra ishee qotu
akkasumaas yeroo tokko tokko faayidaa biroo irraa oolti.

Hafee 2
Iissa re’ee hin qabuu
Hoolota yaafataa,
Dura hin deddeemanii
Gowwaan ni maraataa.

Afwalaloo oliirraa kan hubatamu gowwaan na jaalataniifi na jibbanii waan hin hubanneef dura
deddeemnaan na jaalatti jechuun isaa hinoolu. Kanaafuu gowwaa waliin walitti dhufeenya
42

qabaachuun hin barbaachisu jechuun hariiroo gowwaa waliin qaban fageenyatti akka ta’u wal
yaadachiisu. Hawwiin gowwaa daangaa hin qabu itti dhiyaannaan jaalala se’e maraataa waan
ta’eef dura deddeemuun hin malu kan jedhu ibsa.Yaada kana kan ibsu ‘dura hin deddeemanii
gowwaan ni maraataa’ kan jedhuudha. ‘Iissa re’ee hinqabuu hoolota yaafataa’ jedhu immoo
haala jiruufi jireenya Ummata Iissaa kan calaqqisuudha. Ummanni Iissaa tikfattoota ta’uu isaafi
naannawa sanatti re’ee caalaa hoolaan bal’inaan jiraachuu mul’isa. Haata’uu malee walaloo kana
keessatti walitti dhufeenyi ergaa bo’oowwan jidduu jiru tokkummaa hin qaban. Ergaan ijoon
walaloo kanaa bo’oowwan lamaan dhumaa keessa kan jiruudha. Bo’oowwan jalqabaa immoo
kallattiin ergaa bo’oowwan kaaniin walitti dhufeenya qabaachuu haa dhabuu malee qindaa’inaafi
yaa’aa walaloo eeguuf kan gargaaru ta’ee ergaa mataa isaa dabarsuu danda’a. haalli akkasii kun
hawaasa naannoo biratti ‘murteessaa’ jedhamee beekama. Akka yaada hawaasichaatti
murteessaan ergaa caalaa miidhagina walaloo san eeguuf gargaara jedhu. Ergaan ijoon walaloo
gara dhumaa akka jiru ibsu.

Ummanni Oromoo akkuma waliigalaattuu gowwaan dhalachuu isaa ni balaaleffatu. Gowwaan


yookiin doofaan waan baayyeen rakkisaadha. Kanumarraa ka’uun shamarreen gurbaa gowwaan
akka ishee qaadhimu hin barbaaddu. Sababni isaas gowwummaan isaa isa bira dabree maqaa
isheefi maatii isheellee tuquu waan danda’uu jedhu. Akka tasaa ta’ee ishee doofaan qaadhimate
haala armaan gadii kanaan qeequ.

Hafee 3
Mata-qomaa lagaa
Bubbeen walaawwaltee
Kan kaadhimaa doofaa
Dachiin garagaltee

Shamarran dhiira isaan qaadhimate irratti yaadaafi qeeqa walii barbaadu. Isheen qaadhima
gowwaa qaadhima isheetiin hin dhaadatt, hiriyoota ishee biratti mataa ol qabattee hindeemtu; itti
saalfatti. Sababni isaas gochaa qaadhima ishee irratti mul’atuirraa kan ka’e qeeqni baay’een
ishee waan mudatuuf. Haala ishee mudatu ibsuuf mataqomaa lagarraa kan bubbeen olii gad
raaftutti fakkeessuun ibsatti. Mataqomaa lagarraa walaawaluu wajjiin kan walfakkeeffameef
haaluma bubbeen mataqomaa san gootee raaste, qaadhimaan doofaas yeroo inni namoota
43

keessatti waan hin taane dubbatu yookiin hojjetu saalfachuu irraa kan ka’e akka mukaa sanaatti
walaawaluun lafti maruunii ibsuufi.

Hafee 4
Geeyle gubbaan mukaa
Jalaa garbuu mugaa
Doofaan afaan mukaa
Osoo hin nyaanne mugaa.

Walaloo armaan olii keessatti bo’oowwan jalqabaa ‘Geeyle gubbaan mukaa jalaa garbuu mugaa’
jedhu kan inni mul’isu Gaara Geeyle jalaan lafa baddaa qonna garbuuf taatu ta’uu isaati. Gaara
Geeylee gubbaa immoo mukkeeniin garagaraatiin uwwifameta’uu ibsa. Walaloo kana keessatti
gurbaan doofaan naannawa ibiddaa taa’ee wayta irbaata eeggatu akkaataan inni itti muguufi
haala qilleensi garbuu gaara jalaa godhu waliin wal fakkeessitee ibsiti. Haala naannoo ofii
xiyyeeffannoon hubachuun gurbaa doofaa galgalaan osoo hirbaata hin nyaatin muguun ittiin
arrabsiti. Akkaataan gurbaan itti muguufi haalli garbuun garmalee toluu irraa kan ka’e mataan
dhaabbachuu dadhabee itti gad jettee rooraatu waliin wal fakkeessuun arrabsiti.

Hafee 5
Hamartii gowwaa
Taguugattiin naqee
Hamartii haaqilaa
Qubattiin naqadhee.

Afwalaloo armaan olii keessatti shamarran jibbansa gurbaa gowwaa qaban ibsuuf kennaa
gowwaafi gamnaa waliin dorgomsiisuun ibsu. Ummata Harargee biratti dubraafi dardarri
hariiroo cimaafi walitti dhufeenya cimaa qabu. Yaada marii garee irraa kan hubachuun
danda’ame dubraafi dardarri yeroo waliin tapha aadaa taphatan kennaa garagaraa waliif kennu.
Wantoota jaalala ittiin ibsachuuf shamarraniif kennamu keessaa hamartiin qubaa isa tokko.
Shamarran kennaa gowwaa irraa kennamuuf kaawwatanii ittiin deemuuf itti saalfatu. Kanaafuu
hamartii gowwaan kenneef qubatti kaawwatuu saalfattee taguugatti darbiti. Hamartii gurbaan
44

gamni kenneef immoo quba isheetti kaawwattee ittiin boonti.Kana gochuun ishee immoo
jaalalaafi jibba waan hin hubanneef akka inni abdii kutatu taasisuufi.

4.1.2. Addaan Fageenya

Shamarran haala garagaraatiin yoo kanaddaan bahanta’e gargar bahinsa kana haala salphaan
hinfudhatan, miira gaddaa keessa seenu. Sababoonni ittiin gargar bahuu danda’an keessaa tokko
fuudhaafi heeruma. Yeoo fuudhaafi heerumaan shamarran gargar bahanitti jaalala waliif qaban
ibsachuuf walaloo dikkoo gargaaramu. Walaloon armaan gadii irraa yaada kana hubachuun ni
danda’ama.
Hafee 6.
Aalaa ooyruu teenyaa,
Wajjiin nyaannaan se’ee
Takkittii baranaa
Wajjiin baanaan se’ee.

Afwalaloo olii irraa kan hubannu shamarran yeroo dargaggeessummaa isaaniitti jaalala isaan
waliif qaban irraa kan ka’e sababa heerumaan yoo gargar bahan shamarran baay’ee gadduu
isaaniiti. Bo’oowwan walaloo jalqabaa “Aalaa ooyruu teenyaa, wajjiin nyaannaan se’ee” jedhu
kan mul’isu, shamarran walii jireenya hawwii irraa kan ka’e waan waliin jireenya keessatti waliif
hawwan ibsu. Aalaan waan mi’aawu kan wayta Birraa dhufuudha. Aalaa wayta Birraa dhufu
kana hiriyaa yeroo hiriyummaa isaaniitti waliin nyaatu. Kun immoo hiriyummaa isaanii cimsuu
keessatti qooda ol’aanaa qaba.

Akkuma aalaan mi’aawu Birraa keessa gahu, wayta kan taphni shamarraniifi dargaggootaa
baay’ee beekamaafi hawwiin kan eegamuudha. Taphni immoo hiriyoota waljaalatan jiddutti
miidhaginaafi hawwisiisaa ta’a. Kanumarraa ka’uun waytii Birraa (dargagummaa) mi’aa aalaa
Birraa wajjiin wal bira qabuun hammam takka akka wajjiin waaruu (turuu) hawwan ibsatu. Itti
dabaluunis yaada kanarraa hubachuun kan danda’amu yeroo turtii aalaa Birraafi yeroo
dargaggummaa isaanii waliin dorgomsiisuun ibsachuu isaaniiti. Akkuma aalaan Birraa yeroo
gabaabaa keessatti osuma namni nyaatee hinquufne dafee qooru umriin dargaggummaas osoo
akka garaa isaaniitti taphatanii hinquufne kan dabartu ta’uu ibsuufi. Haala lamaan keessattuu
45

gaabbiin jiraachuu ibsuuf kan dhimma itti bahaniidha. Bo’oowwan dhumaa keessa yaadni jiru
hawwiin isaan waliin turuu irratti qabaachaa turan sababa heerumaan hankaakuu ibsuufi.
Kanarraa kan ka’e miira abdii murannaan sababa gargar bahinsa isaanii balaaleffatu.

Afwalaloo armaan gadii irraa immoo hiriyoonni shamarranii yeroo gargar bahaniitti yoo yaanni
walii isaanii isaan waxalu; obsa isaan fixachiisu haala keessa jiran ibsachuuf weedduu dikkoo
isaan gargaaramanidha.

Hafee 7
Yaa karaa gooroo,
Dheeraa dhumii qabnee,
Yaagaraajaalalaa,
Gowwaasabriihinqabnee.

Hiriyoonni yoo sababa garagaraan adda bahan ta’e wal yaadu. Walaloo kana keessatti wantoota
lama wal bira qabuun sadarkaa hammeenya jaalalaa ittiin ibsu. Innis karaa gooroofi garaa
jaalalaa walbira qabuudhaan wal fakkeenya isaaniitiin ibsu. Kun kan ibsu karaan gooroo
dadhabbii hamaa qabaachuu isaafi obsa kan nama fixachiisu ta’uu ibsa. Akkuma karaa gooroo
san garaan jaalalaasobsa dhabuun isaa baay’ee rakkisaa ta’uu isaati.Dheeraa dhumii hinqabneefi
gowwaa sabrii (obsa) hinqabne kan jedhan immoo yaada wal fakkaataa dabarsuuf kan itti
gargaaramaniidha. Ergaan walaloo kanaan dabarsuu barbaadan immoo garaan jaalalaa obsa kan
namaa hin kennine ta’uu ibsachuudha.

Gama biraatiin hiriyaan sababa godaansa looniin iddoo dheedaatti galuun gargar ba’uu danda’u.
Yeroo warri ishee loon godaasisu warra kun intala yoo qabaatan intalli kun osoo hiriyaa isheen
adda bahuu hin jaalanne warra ishee biraa hafuun waan hin danda’amneef waliin godaanti.
Garuu bakka jirtuu hawwiifi yaada ishee dikkoon ibsiti. Dikkoo armaan gadii irraaa kan
hubannuus kanuma.
Hafee 8
Anniyyaa achi gadii
Looniin bulchaa jirraa
Yaada keessan malee
46

Nu nagayaa jirraa.

Afwalaloo armaan olii kana keessatti bo’oon jalqabaa “Anniyya achi gadii looniin bulchaa
jirraa,” jedhu kan mul’isu Anniyya biyya dheeda loonii ta’uu isaarraa kan ka’e yeroo baddaadhaa
dheenni loonii dhume looniin achitti godaanu. Sababa godaansa loonii kanaan hiriyoonni gargar
bahan wal yaaduu isaaniiti. Kanaafuu, boo’oon itti aanu “Yaada keessan malee nu nagayaa jirra,”
jedhu kan ibsu qaamaan gargar fagaannullee yaadaan waluma bira jirra; yaadarraa kan hafe
nagaya qabaachuu dhaamsa waliif dabarsu.
Afwalaloon dikkoo armaan gadii immoo hiriyoonni shamarranii sababoota garagaraan yoo
gargar kan bahan ta’e gargar bahuu isaaniitiin haala salphaan garaan isaan wal dagachuu
dadhabuufi sadarkaa jaalala isaanii ibsachuuf kan itti gargaaramaniidha.

Hafee 9
Bishingaan nuu tolee
Nuu qaxaruu dide
Koo garaan sareedhaa
Naa sabbaruu didee

Walaloo olii irraa kan hubannu erga gargar bahaniiboodawalhirraanfachuunhaala salphaan


ta’uugaddaanyemmuuwaliiibsanidha. Sadarkkaa hiriyummaan qabdu ibsuuf erga gargar
bahanillee wal dagachuu akka hin danda’in ibsa. Bo’oowwan jalqabaa “Bishingaan nuu tolee
nuu qaxaruu didee,” jedhu kan ibsu bishingaan toluun waan gaarii ta’ee garuu qaxaruu yookiin
bilchaatuu dhabuun immoo yaaddoo ta’uu isaati. Akkasumaas, boo’owwan boodaa “Koo garaan
sareedhaa naa sabbaruu didee,” jedhu immoo sadarkaa jaalala walii qaban irraa kan ka’e
sabbaruu yookiin obsuu dadhabuu rakkachaa jiraachuu ibsa. Jechamni koo garaan sareedha jedhu
jaalala sareen waan jaalattuuf qabduun walbira qabuun sadarkaa jaalala isaanii ibsuuf itti
gargaaramaniidha.

4.1.3. Gorsa

Shamarran haala jiruufi jireenyaa hawaasaa keessatti mul’atu irraa muuxannoofi beekumsa
argatan bu’uura godhachuun gorsa hiriyummaa waliif dabarsu. Gorsa kanaanis wantoota
shamarran dogoggorsuu malan irraa akka ofeegan akkasumaas hiriyaa akkamii akka filatachuu
47

qaban irratti afwalaloo dikkootiin wal gorsu. Keessattuu adeemsa bultii ijaaruukeessatti shamarri
takka hiriyaa dhiiraa bultii waliin ijaartu yoo filattu miidhaginaafi akkaataa inni itti boonu qofa
ilaaluu akka hin qabne gorsu.

Hafee 10
Billawa aabboo,
Shukkaa akaakoo.
Silaa numa boonaa,
Loontu gabaaboo.

Afwalaloo armaan olii kanarraa yaadni hubannu rakkina keessaa bahuuf carraaqqiin murteessaa
ta’uudha. Akkasumaas carraaqqii boodaan qabeenya argachuun akka danda’amuuufi boonni
namaatilleen qabeenyaan alatti akka hin miidhagneedha. Kanaafuu, masluufummaan yookiin
hojii hiikanii harka duwwaa boonuun nama hinbaasukan jedhu ergaa dabarsuudha. Bo’oowwan
duraa “Billawa aabboo shukkaa akaakoo” kan jedhu keessatti billawaafi shukkaan meeshaa
aadaa kan dardarri mudhii irratti hidhachuun ittiin boonan yookiin miidhagina ofii ittiin
dabalataniidha. Walaloo kana keessatti boo’oowwan jalqabaafi dhumaa jidduu walitti dhufeenyi
isaanii kan billawaafi shukkaan gurbaan boonuun sun isaa osoo hin taane kan abbaafi akaakoo
irraa dhaale malee kan ofii isaaf bitatee miti kan jedhu ibsuufi. “Silaa numa boonaa loontu
gabaaboo” kan jedhu immoo gurbaan silaa boonuu ni beeka, garuu qabeenyi inni harkaa qabu
gahaa ta’uu dhabuu ibsa. Boonni namaa immoo qabaeenyaafi dalagachuu waliin miidhaga kan
jedhu ergaa dabarsa.

Afwalaloo dikkoo armaan gadii kanaan intalli tokko miidhagina qaamaa ilaaltee gurbaa
waahinqabnettiakka hin dhaqne yemmuu akeekkachiisan, akkasumaas dubartoonni dhiira alatti
(diidatti) qofa laalanii jaalachuun boodaaf rakkoo hubachiisuuf weedduu dikkoon yoo wal gorsan
ni mul’atu. Walaloon armaan gadii kananarra yaada kana hubachuun ni danda’ama.

Hafee 11
Hoggaa Ciroo buutuu,
Nibraa timaantimii,
Goofaree hin laalinii,
Hin qabu saantimii.
48

Walaloo armaan olii kana keessatti yaadni jiru namni hin hojjenne masluufummaa kan qabu
hawaasa keessatti jajjabeeffamuu dhabuu isaati. Yaadni bo’oowwan lamaan jalqabaarra jiru kan
ibsu magaalaa Ciroo bakka timaantim itti gurguramu dubri timaantim gurguruuf achitti
baay’achuu isaa yoo ta’u, bo’oowwan lamaan boodaa keessa immoo dargaggoonni daandii
(nibraa) irra olii gad goofaree filatanii deeman goofaree isaanii qofa ilaaltee hin jaalatin jechuun
walgorsu. Kaayyoon guddaan qabeenya qofa ilaaluu osoo hin taane namni osoo humaa hin
qabne, kan hojii hin hojjenne daandiirra filatee deemuu qofaaf boona isaa ilaaltee yoo jaalatte
boodarra rakkachuun hin hafu kan jedhu ibsuufi.

4.1.4. Jaalala Hiriyaa

Jaalala kallattii gargaraa irratti hundaa’uu ibsuun ni danda’ama. Kunis jaalala biyyaa, jaalala
haadhaafi abbaa, kan hiriyaa, kan daa’imaa, jaalala obboleessaafi obboleettiifi kan biroos ta’uu
danda’a. Garuu xiyyeeffannoo keenya ammaa jaalala hiriyaa kan jedhu ta’a. Innis jaalala
shamarran dhiiraaf qaban yookiin immoo jaalala shamarran walii isaaniif qaban weedduu
dikkoon ibsachuu isaanii armaan gaditti kan xiinxallu ta’a.

4.1.4.1. Hiriyaa Dhiiraa

Shamarranhiriyaa dhiiraa kan yeroo shaggoyyee waliin taphatan faarsuuf yeroo hojii hojjetanitti
afwalaloo dikkoo fayyadamuun jaalalaisaa ibsachuu dandeessi. Dikkoon armaan gadii kun
jaalala isheen isaaf qabdu kan mul’isuudha.

Hafee 12
Aabboon gabaabaadhaa,
Jilbatti naa bu’aa,
Silaa siin liqimsaa,
Hudhameetan du’aa.

Afwaalaloo kana keessatti jaalala isheen isaa qabu irraa kan ka’e bakka isa kaawwattu dhabuu
irraa liqimsuu barbaadde. Kunis kan mul’isu garatti liqimsuun kan danda’amu osoo hin taane
hamma jaalattu ibsuuf yoo maal goote akka garaa ishee gahu waan ibsattuun dhabuu irraa kan
49

ka’e dubbii qolaa gargaaramuun ibsatte.Haaluma walfakkaataadhaan afwalaloo dikkoo armaan


gadii kanaan jaalala hiriyaa ofiif qaban ibsatu.

Hafee 13
Alagaa kabalee,
Harki na hin laalannee,
Ayyoo na deesssellee,
Hanga kee hin jaalannee

Afwalaloo dikkoo armaan olii kan ibsu hiriyaan hiriyoonni lamaan sadarkaa jaalala isaanii
ibsachuuf dubbii qolaa gargaaramuun baay’ee wal jaalachuu isaaniiti. Boo’oowwan jalqabaa
keessatti “Alagaa kabalee harki na hinlaalanne,” jedhu kan ibsu aarii miira keessoo ishee jiru
irraa kan ka’e harki alagaan kabalte ishee laalachuu dhabuu dubbii qolaan yoo ibsituudha. Aarii
alagaa irraa kan ka’e harki isheen kabalteen laalachuu dhabuu osoo hin ta’in sadarkaa mufannaa
ishee mul’isuuf kan itti gargaaramteedha. As keessatti alagaa kan jedhu hariiroo gaarii
qabaachuu dhabuu mul’isuufi naasuu qabaachuu dhabuu ibsa. Haaluma walfakkaatuun boo’oon
“Ayyoo na deessellee hanga kee hin jaalanne,” jedhu sadarkaa jaalala isheen hiriyaa isheef qabdu
ibsuu kan dhimma itti bahameedha. Boo’oowwan kana keessatti boo’owan jalqabaan
walqabsiistee sadarkaa isheen jaalala hiriyaa isheef qabdu irraa kan ka’e haadha ishee deesse
caalaa jaalachuu ishee ibsuuf kan gargaaramteedha. Jaalala hiriyaa jaalattuuf qabdu ibsuufi
jaalachuu ishee mirkaneessuuf miira keessoo ofii afwalaloo dikkoon ergaa dabarfatu. Walaloo
dikkoo haala ibsu keessaa tokko kan armaan gadii kana ta’a

Hafee 14
Jiini hin baane jettaa,
Kan na gubuu ga’ee,
Na hin jaalattu jettaa
Kaniin du’uu ga’ee.

Walaloo oliirraa kan hubannu jaalala dubarri gurbaa jaalatuuf qabduudha. Walaloo kana keessatti
sadarkaa jaalala ishee ibsuudhaafi ergaa cimaa dabarsuuf filannoon jechootaa gahee ol’aanaa
taphataniru. Jaalalti ishee sadarkaa akkam irraan akka ishee jirtu ibsuuf jecha dubbii haalaa
(dubbii qolaa) gargaaramte. Akaakuu dubbii qolaa keessaa immoo gurra guddisa (overstatement)
50

gargaaramte. Innis boo’oowwan jalqabaa keessatti “Jiini hin bane jettaa, kan na gubuu ga’ee”
kan jedhu dubbumaaf jecha kan jedhame malee, jiini/addeessi akkaan ho’ullee waa nama hin
gubu akkasumaas boo’oo itti aanu keessatti “Na hin jaalatttu jettaa, kaniin du’uu gahee,” jedhu
keessatti sadarkaa jaalala waliif qaban mul’isuuf jecha kan gargaaramte malee, jaalalti yoo
akkaan cimtelleewaa lubbuu nama hin baastu. Gabaabumatti yaada kanarraa kan hubatamu
dubartoonni hiriyaa jaalataniif yaada isaanii ibsuufi sadarkaa jaalalaa ibsuuf kan
gargaaramteedha.
Hafee 15
Minaamminoo Dooyyoo,
Qonxar firii hin qabuu,
Siifin subii deemaa,
Du’us gumaa hin qabuu.

Walaloo kana keessatti kan ibsame shamarri takka jaalala gurbaa jaalattu ibsuuf rakkoo sababa
jaalalaan mudattuuf itti gaafatamni isa ta’uudha. Garuu, miidhaan jaalalaan mudatteef heeraan
beekkamtee wanti taa’e hin jiru. Kanaafuu, jaalala keetiin osoon yeroo malee deemuu balaan
narra gahee yoo kaniin du’u ta’ees gumaan koo hin jiruu beeki jechuun kan gurbaa
jaalattuujaalala isaaf qabdu ittiin ibsatti.

4.1.4.2. Jaalala Shamarranii

Shamarran hiriyaa walii ta’an hanga hiree isaan addaan baastutti tapha galgalaa shaggooyyee kan
dargaggootaa waliin taphatan dabalatee hojiiwwan garagaraa waliin hojjechaa dabarsu. Yeroo
kanatti jaalalli isaan walii isaaniif qaban kan baay’ee namatti toluufi kan nama hinaafsisuudha.
Jaalala shamarran walii isaaniif qaban kana ibsachuuf afwalaloon dikkoo baay’ee
barbaachisaadha. Walaloo armaan gadii kanarraa kan hubannus kanuma.

Hafee 16
Iddoo mana duubaa,
Naadhaabi shunkurtaa,
Faaya morma keetii,
Naa yaasi kulkultaa.
51

Walaloo dikkoo armaan olii kanaarraa kan hubatamu hiriyaan dubaraa takka jaalala walii isaanii
mirkaneessuuf faaya morma isaanii waliif baafachuu yookiin kennaa jaalala isaanii ibsuuf
danda’u waliif kennuu isaaniiti. Yaadni sararoota walaloo jalqabaa lamaan keessa jiru kan ibsu
iddoon mana duubaa lafa shunkurtaa dhaaban ta’uu ta’uufi hojiin kun kan dubartoonni hojjetan
ta’uudha. Ergaan dubartoonni waliif dabarsuu barbaadan immoo bo’oowwan dhumaa lamaan
keessatti argama. “Faaya morma keetii, naa yaasi kulkultaa” kan jedhu keessatti ‘kulkultaa’ jechi
jedhu faaya mormaa kan dubartoonni miidhaginaaf mormatti kaawwataniidha. Dubartoonni wal
jaalatan faaya mormaa kana waliif baafachuun jaalala waliif qaban mirkaneessu.

Hafee 17.
Gammoojjii achi gadii
Huffeen qonnaa hin taanee
Silaa siifan keennaa
Nabseen keennaa hin taanee.

Walaloon olii kun kan inni ibsu hiriyoonni lamaan wal jaalala keessa lubbuu walii keennuu
hawwuu isaaniiti. Garuu lubbuun kennaa waan hin taaneef waan gochuu dandeessu hin qabdu.
As keessatti dubbiin qolaa “Silaa siifan kennaa nafseen kennaa hintaane” jedhu dhuguma
lubbuun kennaa taatee kannitiif jechuu osoo hin taane shamarran sadarkaa jaalala isaan waliif
qaban mul’isuuf kan gargaaramanidha. Jechi ‘nabsee’ jedhu jecha Afaan Arabaa irraa dhufe
ta’ee hiika lubbuu jedhu kan bakka bu’uudha. Sadarkaan jaalala hiriyummaa isaan waliif qaban
olaanaa ta’uu irraa kan ka’e jaalala isaanii ibsuuf kan gargaaramaniidha.

Hiriyaan shamarranii jaalalti isaan waliif qaban kan yeroo mara jiraatuufi kanyeroon daangessitu
akka hin taane dikkoon waliif mirkaneessu. Jaalalti isaanii jaalala dhugaa ta’uu irraa kan ka’ee
yoo du’a taate malee wanti adda isaan hambisu akka hin jirre dikkoo keessatti waliif ibsu. Yaada
kana walaloo armaan gadii kanarraa hubachuun ni danda’ama.

Hafee 18.
Kan Baasu Kan Jalaa Qabu
Burjaanni hin dulloomu Dikkoo
Citee baduu malee Dikkoo
Cite sirraa hinhafuu Hiriyaa
52

Du’ee baduu malee Dikkoo

Walaloo dikkoo armaan olii irraa kan hubannu jaalalti isaanii kan yeroo dheeraaf turu ta’uu
isaati. Gaaleen ‘burjaanni hin dulloomu’ jedhu kan ibsu akkuma burjaana dubartoonni mormatti
kaawwatan osoo hin moofahin turuu danda’u jaalalli isaaniilleen kan hin moofoyne ta’uu walii
ibsu. Gaaleewwan ‘citee baduu malee’ jedhuufi ‘du’ee baduu malee’ jedhu kan ibsu dubartoonni
osoo lubbuun jirruu sababa kamiinuu walirraa hafuu akka hindandeenye ibsa. Burjaanni akkuma
citee badu malee hin dulloomu jaalalti dubartootaas yoo duuti itti dhufte malee hinmoofoytu.

Dubartoonni waan baay’eef wal abdachuu danda’u. Rakkoofi bal’oo hunda walitti obsu. Hegeree
isaaniif wal abdatu. Dubartoota biratti hariiroon hiriyaa sadarkaa ol’aanaa kan qabu ta’uu
walaloo dikkoo armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.

Hafee 19
Ani abbaa hinqabuu
Numaan hiyyeettii
Kaniin aaddee qabu
Numaan dureetii

Walaloo armaan olii kanarraa kan hubannu namni hiyyeessa kan jedhamu diinagdee qabaachuu
dhabuu osoo hintaanee abbaa dhabuudha. Yaada kana boo’oo ‘an abbaa hin qabuu numaan
hiyyeettiidha’ jedhurraa hubachuun ni danda’ama. Kun kan ibsu abbaa dhabuu akkaan
hammaataa ta’uu isaati. Garuu hiriyaa qabaannaan abbaallee dhabdu hiyyeettii hin jedhamtuu
dureettiidha jechuu ibsa. Yaadni kun immoo boo’oo ‘kaniin aaddee qabu numaan dureettii’
jedhuun ibsameera. Kanarraa kan hubannu sadarkaan jaalala hiriyoota shamarranii kan maatii
akka caaluudha. Akkasumaas abbaa dhabuun ulfaataa ta’ullee hiriyaa dhaabuun immoo sanillee
akka caalu walaloo armaan olii kanarraa hubachuun ni danda’ama.

4.1.5. Miidhadina Walii Faarsuu

Dubartoonni kan ittiin boonan keessaa tokko miidhagina isaaniiti. Miidhaginni kennaa uumaati.
Ragaalee afgaaffiifi marii garee irraa hubachuun akka danda’ametti miidhaginni yookiin
bareedinnidubartootaa kan qaama gubbaa qofaan ibsamu osoo hintaane haalaafi amala, bilchinaa
53

sammuufi namummaa keessaa waliin kan madaalamuudha. Akkasumaas naamusaafi sansakkaan


dubartootaaf hawaasa keessatti sadarkaa ol’aanaatu kennamaaf.

Sirba dikkoo keessatti miidhagina walii ibsuufi dinqisiifachuuf qaama adda addaa akka
fakkeenyaatti fudhatanii wantoota garaa garaatiin fakkeessuudhaan ibsachuun baay’inaan
mul’ata. Walaloo armaan gadii kana keessatti yaadannoo yeroo ijoollummaan gargaaramuun
miidhagina walii faarsu.

Hafee 20
Gaafan dur ijoollee,
Dirree loon tiksee.
Hangaan kaarruu keettii,
Dukkanallee ibsee

Walaloo olii kana keessatti miidhagina intalaa keessaa kaarruun ilkaan ishee adda ta’uu ibsa.
Hiriyaan ishee ilkaan adiifi kaarruu bareedaa qabachuu ishee daran dinqisiifachuuf
gurraguddeessa gargaaramuun addeenya ilkaanii ibsite. Miidhagina ibsuudhaaf kaarruufi ilkaan
hangaasuudhaan, naqammoo alangaadhaan fakkeessuun ibsameera.

Hafee 21
Cululittiin ayree
Daaytuu garba daaytuu
Ijji tan tee kuula
Tani namaan laaltuu

Walaloo armaan olii keessatti shamarran miidhagina walii jajuun wal faarsuuf kan
gargaaramaniidha. “Cululittiin ayree daaytuu garba daaytuu” jedhu kanarraa kan hubannu Culul
lafa laga guddaa daakuuf ta’u qabduufi daaktuu bishaanii (namni bishaan daaku) achi jiraachuu
ibsa. Yaadni bo’oo itti aanan keessa jiru miidhagina ija hiriyaa ishee ibsuuf jecha kan
gargaaramteedha. “Ijji tan tee kuula” kan jedhu keessatti jechi kuula jedhu kan inni mul’isu bifti
ija ishee tan akkamii akka taate ibsuufi. As keessatti ‘kuula’ kan jedhu gurraachomina naannawa
ijaafi nyaara ijaatti mul’atu kan ibsuudha.
54

Akka ilaalcha hawaasaatti nyaarri ijaa gurraacha ta’uufi naannawni ijaa gurraacha uumamaa
qabaachuun akkasumaas ijji kurfoon naannawni ishee adii ta’ee agartuun immoo yoo gurraacha
ta’e miidhagina dubartootaa dabala. Walaloo olii kana keessatti yaadni jiru miidhagina hiriyaa
ishee ibsuuf jecha dubartiin tokko mudannootti fakkeessuun dinqisiifannaa isheef qabdu
mul’isuudha. Kanas kan ibsu ‘Cululittiin ayree daaytuu bishaan daaytu,’ jedhu kan ibsu
mudannoo haaraa ishee qunname yookiin nama bishaan daakuu danda’u Culul yoo ta’e malee
salphatti akka hin argamneedha. Haaluma walfakkaatuun miidhagni ija hiriyaa ishee kan nama
biroorraa adda ta’uu dinqisiifachuuf kan gargaaramteedha.

Hafee 22
Afaan lagaa galtii
Maal nyaatti wakkalleen
Si fakkaatti malee
Si hin geeysuu takkalleen

Walaloo armaan olii kanarraahubatamu hiriyoonni shamarranii jaalalaa walii qaban irraa kan
ka’e miidhagina walii dinqisiifachuun akkaataa isaan itti ibsaniidha. Akkasumaas walaloo kana
keessatti falaasamaafi hubannoo wantoota naannoo ofii irratti beekumsa uumamaa yookiin
muuxannoo jireenyaa irraa argatan kan calaqqisuudha. Yaada kana kan mul’isu bo’oo jalqabaa
keessa kan jiru “Afaan lagaa galtii maal nyaatti wakkalleen” jedhurraa yoo ta’u muuxannoo
yeroo dheeraafi gad fageenyaan xiinxaluu irraa kan ka’e haala jireenya wakkallee hubachuu
danda’aniiru. Bineensi wakkallee jedhamu iddoo bishaan jiru jiraachuu ishee malee waan isheen
nyaattee ittiin jiraattu beekuun rakkisaa ta’uu ibsa. Jechuunis sooranni wakkallee marga yookiin
fooni jedhanii adda baasuuf hamma beekumsa hawaasichaatti wanti lafa kaawame jiraachuu
dhabuu ibsa.

Yaadni boo’oo dhumaa keessaa immoo hiriyaan shamarranii qola dubbii keessaa gurra guddisa
fayyadamuun miidhagina hiriyaa ishee kan ittiin mul’istuudha. Dubartoonni hundinuu
uumamaan dubara ta’uu isaanii irraa kan hafe tokkolleen isaaniituu miidhaginaan sitti
hinqixxaatu jechuun bareedina hiriyaa ishee dinqisiifatti. Yaada bo’oo jalqabaa hanga dhumaa
kan walitti hidhu yaada taajjabbii yookiin bifa addaa gochuun wakkalleetti fakkeessuun
miidhagina hiriyaa ibsuudha. Walaloo kana keessatti bineensummaa isheetiin wal haa fakkaatan
malee haalli jireenya wakkallee kan bineensota biroorraa adda ta’uu isaafi hiriyaan ishees
55

dubartummaa isheen dubartoota biroon wal fakkaatanillee miidhaginni hiriyaa ishee kan
dubartoota birootirraa adda ta’uu ibsa

Hafee 23
Kuula dhahaa tolchaa,
Handaaraa miidheysaa,
Uumaa Rabbii tolcha,
Naamusaa miidheysa.

Walaloo kana irraa kan hubannu faaya dubartii keessaa tokko kuula addarratti hidhattuudha.
Kuula wal keessa dhawaa tolchanii handaara itti godhanii addarratti shamarraniif hidhuun
miidhagina irratti miidhagina dabala. Miidhaginni immoo uumaa Rabbiitii babbareechitanii akka
naamusa hin dhabne seeraan guddisaa kan jedhu ta’a ergaan walaloo kanaa. Kunis kan mul’isu
shamarran miidhagduun tan jajamtu taatuus naamusni miidhagina caalaa barbaachisaa ta’uu
isaati. Qabiyyeen waliigalaa walaloo kanaa barbaachisummaan naamusaa hawaasa keessatti
hammam akka bakka qabu ibsuudha.

4.1.6. Ibsa Miira Ofii /Hawwii/

Shamarran hawwii keessoo isaanii ibsachuuf afwalaloo dikkootti gargaaramu. Hawaasa keessatti
shamarran akkuma yoo hojii yoo hojjetan gamtaan hojjetan, wal waamanii tapha aadaa kan
garagaraa taphatu. Baay’ina hojiilee mana keessaa irraa kan ka’e shamarreen tokko
yeroodhaanyoohojii hin xumurre ta’e hiriyoonni ishee dikkoo fayyadamanii haala armaan gadii
kanaan hawwii isaanii himuuf.

Hafee 24
Sareen hirpha hin qabduu
Mucucaattee hin kuftuu.
Hojiin warraa hin dhumtuu,
Hulaa cufee hin dhuftuu

Walaloo olii irraa yaadni hubatamu hawwii taphaaf(shaggooyyeef) qaban irraa kan ka’e
hammuma isheen hojii warri akka hojjettu ajajan akka fixxu eeggachuu (obsuu) dadhabanii
56

waaman. Hojii fixeen dhufatti yeroon taphaaf qaban jalaa dabra. Kanaafuu yaada garaa ofii
ibsuuf walaloo dikkoo kanatti dhimma bahuun ergaa waliif dabarsu. Gama biraatiin yaadni
walaloo kana keessa jiru falaasama (muuxannoo) hawaasichaati. Bo’oo walaloo isa jalqabaa
“Sareen hirpha hin qabdu mucucaattee hin kuftu” kan jedhu beekumsa hawaasni kun hariiroo
uumama naannoo isaa waliin qabu beekuun ni danda’ama. Yaada kana keessa beekumsi
bu’urumaan hawaasa keessa jiraachuufi faayidaan hirphaa ejjata sirriifi akka hinmucucaanne
godhuu keessatti barnoota kennu. Kunis dandeettii wantoota naannoo keenyaa xiinxaluun
beekumsa dabalataa argachuuf kan gargaaru ta’a.Akkaumaas, wanti hirpha hin qabne
mucucaachuu akka danda’u adda baasuu isaaniiti.

4.1.7. Arrabsoo

Dubartoonni hawaasa keessatti hariiroo cimaafi jaalala walii qabaachuun beekamu. Dubartoonni
hiriyummaa gaarii uummatanii kan jiraatan akkaatu qaamaan walitti dhufeenya qabaniifi manaan
olla ta’aniidha. Hariiroon dubartootaa kun irra caalaa shamarran hinheerumin biratti cimee kan
mul’atuudha. Shamarran wayta hiriyaa ta’an hojiiwwan gargaraa waliin hojjetan akkuma walitti
dhufeenya qabaniin waan miira walii isaanii tuqu irraa of eegaa hamilee walii tiksu. Haa ta’uu
malee, yeroo tokko tokko shamarran ganda tokko kan ganda biroo waliin haalli itti afwalaloo
dikkootiin qeeqan yookiin wal arrabsan ni mul’ata. Arrabni isaanii kun immoo kan aadaa
ummataatii ala bahu kan namummaa tuqu osoo hin taane, akka ragaan marii garee xiyyeeffannoo
irraa argame ibsutti, kan hir’ina qaban irratti ittiin arrabsu. Afwalaloon dikkoo armaan gadii kun
fakkeenya dikkoo shamarran wal arrabsan kan mul’isuudha.

Hafee 25
Gaara kanaan gubbaa
Gufuun gugguuttee
Niin bareeda jettaa
Xuriin si kukkuttee,

Walaloo armaan olii keessatti shamarran hanqina qaban irratti yeroo arrabsoon waltuqan kan
mul’isuudha. Bo’oowwan ‘Niin bareeda jettaa xuriin si kukkuttee,’ jedhu kun kan mul’isu
bareedinni shamarranii miidhagina uumamaan kennameef qofa osoo hintaane akkaataan isheen
itti qulqullina ofii eeggattullee akka hammatu mul'’sa. Yaadni isaas ilaalcha hawaasaa keessatti
57

shamarran of kunuunsuun kaamettii ta’uu ishee waan mulisuuf isheen amala akkasii hin qabne
akka boosattiitti waan ilaalamuuf shamarran hanqina gama kanaan jiru irratti arrabsoon wal
tuqu.Isheen haala kanaan hiriyoota ishee yookiin shamarran gandaatiin arrabsamte waan baay’ee
saalfattuuf hir’ina kanarraa hatattamaan of sirreessiti.

Dubartoonni afwalaloo dikkoo gargaaramanii warra dhiiraallee arrabsuu danda’u. Arrabsoon


isaanii kunis waan kallattiin ibsachuun itti ulfaatu karaa dikkoon ibsachuu filatu. Innis waan
taajjaban, jibban, itti hingammadin irraa ka’uun gama artii afwalalootti fayyadamuun qeeqa
qaban ibsu. Afwalaloon dikkoo armaan gadii kun arrabsuu shamarran dargaggoota ittiin arrabsan
kan mul’isuudha.

Hafee 26
Nu shuumoo affeellee
Shuumoo atarootaa
Eeysaa nurra buuse
Eeysumman gabrootaa
Shanyii faradootaa,

Afwalaloo armaan olii kun arrabsoo shamarran dargaggoota guuza warra soddaaf oolan yoo
dikkoon arrabsan kan mul’isu. Gurbaan shamarree tokko qaadhimate warra soddaaf guuza fidee
hojiilee garagaraa hojjechuun aadaa hawaasa Harargee biratti bekamuudha. Yeroo guuzaa kana
tajaajila guuzaaf barbaachisu keessaa tokko nyaata yeroo waaree boodaa ooyrutti geeyfamu
“kasha” jedhamee beekamuudha. Nyaata kana godhanii kan geessan hiriyoota intalaati.
Walaloon armaan olii kana keessatti kan mul’atu arrabsoo shamarran dargaggoota guuzaa
kanneen haala isaan itti nyaataniin tuqaniidha. “Nu shuumoo affeellee shuumoo atarootaa” jedhu
kan ibsu nyaanni shamarran guuzaaf godhan sun shuumoo ataraa ta’uudha. “Eeysumaa nurra
buuse eeysumman gabrootaa shanyii faradootaa” jedhu immoo eessa warra nyaatee hinquufne
dabaree keenya godhe kan jedhu ibsa. Shuumoon nyaata midhaan callaarraa osoo hin daakamin
bilcheeffamuudha. Shanyii faradootaa kan jedhu immoo akkaataa dargaggoonni itti shuumoo
nyaatan ilaalanii akkaataa fardiqirima itti nyaatu waliin wal fakkeessuun ittiin arrabsu.
58

4.1.8. Ibsa Mufannaa / Qeeqa/

Mufannaan hiriyoota waljaalatan jiddutti sababa garagaraa irraa kan ka’e uumamuu mala.
Mufannoon hiriyoota shamarranii jibbansa irraa kan dhufu osoo hin taane jaalala waliif qaban
irraa kan ka’e ija tokkoo yoo wal hin ilaalle hinaafuu irraa ta’a. Akka tasaa ta’ee hiriyyoonni
shamarranii yoo walitti mufataniifi loogii walirratti hojjetan dikkoon yaada garaa ofiifi quuqama
qaban ibsatu. Walaloo dikkoo armaan gadii irraa kan hubannu kanuma.

Hafee 27
Mataa mammartanii
Qajjiisa footanii
Ofii waltaatanii
Ana amba gootanii.”

Yaada walaloo armaan olii kanarraa kan hubannu hiriyoota shamarranii jiddutti wal qoodinsi yoo
mul’atu kan ibsuudha. Ummata Harargee biratti shamarran hiriyaa ta’antu iddoo qoraan
cabsanitti, loon tiksanitti, bishaan waraabanittiifi migira guurratanitti naannoo (shurrubbaa)
mataa walii isaanii irratti foo’u. Haalli kun jidduu shamarraniittimiira hiriyummaa cimsuu
keessatti iddoo ol’aanaa qaba. Garuu akka tasaa ta’ee wal mogguun yookiin wal qooduun jidduu
isaaniitti mul’achuu danda’a. Yoo wal jibbansi jiraate hundi isaanii wal hammatanii waliin
deemuufi shurrubbaa mataa walirratti dhahuu dhabuun mul’achuu mala. Isaan keessaa ishee
tokko kophatti mogguu (dhiibuun) yoo uumame, isheen moggatti darbatamte walaloo armaan olii
kanaan miira ishee ibsatti. Bo’oo “Ofii waltaatanii ana amba gootanii” jedhu miira shamarree
loogiin irra gahee hubanna. Yaadni kun yaada hiriyoota shamarranii ta’uu kan mul’isu immoo
“Mataa mammartaanii qajjiisa footanii” kan jedhuudha. Mataa mammartanii kan jedhu kun
immoo akkaataa shamarran itti rifeensa tolfatan mul’isa.

Hafee 28
Muudana Muudana
Buute gaangeen lamaa
Waa ta durii mitii
Fuute dubbii namaa
59

Walaloo kana keessatti qabiyyeen walalichaa kan ta’e jette jettee yookiin hamiin namootaa wal
shakkii uumuun wal dhabbii fiduu akka danda’u ibsa. Dubartoonni hiriyaa walii turan wal
jaalatu; wal amanu. Yeroo baay’ee namoota wal jaalatan gargar baasuu kan danda’u hamii
yookiin immoo jette jettee ta’uu ibsa. Shakkiin akkasii kan mul’atu yoo ta’e yaada kana
mirkaneeffachuuf walaloo kanaan yaada keessoo ofii ibsu. Yaada garaa ofii ibsuun immoo
iftoominni jidduu isaanii akka jiraatu taasisa.

Dubartoonni sababa garagaraan yoo gargar fagaatan wal yaaduun isaanii waan hafuu miti. Kana
ta’uu baannaan immoo sababa walyaaduu dhabuu fide baruuf tattaafatu. Yeroo kanatti haalli itti
qeeqa kaasan jiraachuu danda’a. Yaada kana hiriyoonni shamarranii dikkoon yoo ibsu akkas
jedhu
Hafee 29
Dhagaan ka waa daakuu,
Dhagaan waa hin daakne maali?
Garaan ka waa yaaduu
Garaan waa hin yaadne maali?

Yaadni armaan olii kun akka mul’isutti namni garaan yaadu hiriyaa ishee numa yaada. Yaaduu
dhabuun immoo sababa qaba waan ta’eef sababni sun maal akka ta’e baruuf yaada dhiyaateedha.
Dhagaan midhaan irratti daakan yoo midhaan daakuu dide dhagaa daakuu waan jedhamuuf
hinqabu, namni wal jaalatuus garaadhaan walyaaduu dhabnaan namummaa hin qabu kan
jedhuudha.Yaada afwalaloo dikkoo armaan ol keessatti ka’eef deebisaa quubsaa hiriyaa ishee
irraa yoo dhabde immoo ofumaa sababa ta’uu kan danda’u walaloo armaan gadiitiin ibsiti.

Hafee 30
Dhagaan numa daakaa
Siitu itti hin daakinii
Garaan numa yaadaa
Siitu itti yaadinii.

Walaloon armaan olii kun kan ibsu namni qeeqa dheessuuf sababa yoo barbaadu sababni
kennamu kamuu deebisaa ta’uu akka hin dandeenye ibsuudha. Innis dhagaan yoo kan namni itti
60

daaku ta’e daakuu hindiduudha. Dhagaatu daakuu dideen sababuma uumuuf malee dhugooma
hin qabu. Akkuma dhagaa san nam yaaduufis yoo kan ittiin yaaddu ta’e garaan yaaduu waa hin
diduu ibsuufi. Kun kan mul’isu sababni waan tokkoof kennamu quubsaa ta’uun amanamummaa
yaadichaa murteessaa ta’uu ibsa. Akkasumaas walaloo kanarraa hubachuun kan danda’amu akka
falaasama Ummata Oromootti kan ittiin walyaadan garaa ta’uu ibsa. Falaasamni kun hawaasaa
hawaasatti garaagarummaa qabaachuu danda’u.

Dubartoonni ijoollummaan heerumuun mirga shamarranii dhiibuuta’uu mormuuf afwalaloo


dikkoo gargaaramuun qeeqa ofii ibsatu. Dur hawaasa keessatti dubatoonni sagalee baasanii waan
jaalataniifi jibban ibsachuuf ni saalfatu. Isheen saalfachuu dhiistee akka tasaa hawwii ishee ibsitu
yoo jiraattellee hindeeggaramtu; ni qeeqamti; ni balaaleffatamtis. Keessattuu fuudhaafi heeruma
irratti mirgi isheen yeroo barbaaddeefi nama jaalattetti heerumuuf qabdu hin jiru, dirqumaan
maatiin nama ofii jaalatanitti heerumsiisu. Kana keessatti ijoollummaan kennuunis jira. Qeeqa
ijoollummaan heerumsiisuu kan qeequ walaloo armaan gadii kanarraa hubachuun ni danda’ama.

Hafee 31
Saakayyoo ullulaa
Qilleensaa lullulaa
Muciyyoo guntutaa.
Warri maaf gurguraa.

Walaloo kanarraa kan hubannu daa’imummaan heerumuun kan hin barbaachisne ta’uu
isaati.Jechi “Muciyyoo’ guntutaa” jedhu kan mul’isu daa’imummaa ishee irraa kan ka’e
heerumaaf gahuu dhabuu ishee ibsa.

4.1.9. Ibsa Wajjiin Jireenyaa

Jiruufi jireenya dhala namaa keessatti jireenyi hawaasummaa hariiroo gaarii irratti bu’uure
jiraachuun murteessaadha. Jireenya hawaasummaa kana keessatti walitti dhufeenya gaarii
qabaachuun waliin jireenyadubartootaafbarbaachisaadha. Garuu, waliin jireenya kana keessatti
sababa garagaraa irraa kan ka’e hariiroon gaariin dhabamuu mala. Hariiroon gaariin dhibuu irraa
kan ka’e waldhabbiin uumamuun isaa waan hin hafneedha. Haalli akkasii kun hariiroo gaarii
61

wajjiin jireenyaa balleessuun jibbansa kan fide yoo shamarran weedduu dikkoo gargaaramuun
haala kana balaaleffatu. Dikkoon armaan gadii yaadaa kanaaf fakkeenya kan ta’aniidha.

Hafee 32
Fadisoon gaariidha
Bishaantu qaaliidha
Lamaan waljaalate
Waljibbeen qaaniidha.

Afwalaloo dikkoo olii kanarraa kan hubatamu shamarran wal jaalatan jiddutti jibbansi
mulachuun gaarii akka hintaaneedha.“Fadisoon gaariidha bishaantu qaaliidha” kan jedhu Fadis
lafa bal’aa oomishaaf mijjatu ta’uu isaa garuu immoo bishaan qabaachuu dhabuu isaati. Bishaan
dhabamuun immoo gaaromina lafa Fadis irratti dhiibbaa geessisuu ibsa. Miidhaginni lafa Fadis
bishaaniin tola; bishaan jiraachuu dhabuun gaarummaan lafa sanaa akka dhokatu taasise.
“Lamaan wajaalate waldhabeen qaaniidha” kan jedhu wanti ibsu akkuma gaaromina lafa Fadis
bishaan dhabamuun fokkise jibbansi hiriyoota jidduu wajjiin jireenya irratti dhiibbaa qabaachuu
agarsiisa. Akkuma lafa Fadisiif bishaan murteessaa ta’e wajjiin jireenya namootaaf (hiriyootaaf)
jaalalti jidduu jiraachuun murteessaadha.

Hafee 33
Mana jaaruu hin beekuu
Dallawa naa wayya
Waldhabuu hin dandeenyuu
Walbira nuu wayyaa

Afwalaloo armaan olii kana keessatti yaadni ijoon jiru dubartoonni jaalala walii qaban irraa kan
ka’e gargar fagaatanii jiraachuu akka hindandeenye kan ibsuudha. Akka ilaalcha Ummata
Harargeetti mana ijaaruun hojii dhiiraati. Walaloo kana keessatti sararoota (1fi2) keessatti mana
ijaaruufi dallawa ijaaruun oguma dubartii ta’uu dhabuudha. Ta’us yoo dirqama ta’e immoo mana
ijaaruu irra dallawa ijaaruun akka salphatu ibsa. Sararoota lamaan dhumaa kan mul’isu immoo
hiriyoonni shamarranii sababa garagaraa irraa kan ka’e gargar fageenya yookiin adda bahinsa
balaaleffachuudha. Gargar fagaannee jiraachuu hin dandeenyu kan jedhuudha. Ragaaleen marii
62

garee irraa argame akka ibsutti shamarran keessattuu isaan hin heerumin yeroo mara iddoo
kamittuu wal biraa hin dhabaman. Walaloon kun barbaachisummaa waliin jireenya isaaniitiifi
jaalala isaaniiittiin eeggachuuf itti gargaaramu. Kanaafuu, jireenyi dubartoota jireenya
tokkummaafi jaalala irratti bu’uure ta’uu hubanna.

4.1.10. Daa’imman Faarsuu

Jireenya hawaasummaa keessatti dubartoonniyeroo hojii hojjetan nama daa’ima isaaniif qabu
yookiin bira kaawwatan hin qabne baay’ee rakkatu. Sababa kanarraa kan ka’e daa’imuma waliin
rakkachaa hojii isaanii hojjetu. Yeroo kana daa’imni haala mijjaa’aa waan hin argannee ni boo’u.
Haati daa’imaa haala kana keessa jirtu immoo weeddu dikkootiin jaalala daa’imaaf qabdu
ibsachaa faarsiti. Yeroo kanatti daa’imni immoo miidhagina sagalee dikkoo osoo dhageeffatuu
hirriibni ishee/ isa qabuu danda’a.Daa’imni ergaa walaloo hubatanii osoo hintaane, miidhagina
yeedaloofi sagalee haadhaa osoo dhageeffatuu/ tuu booyuu lakkistee osuma caqastuu adeemsa
keessa rafuu dandeessi. Qabiyyeen walaloo dikkoo armaan gadii faaruu daa’immanii irratti kan
xiyyeeffate ta’uu mul’isa
Hafee 34.
Geeyleen koree laalee
Baadu qabrii hin qabuu
Ittiin rafee laalee
Garaan sabrii hinqabuu.

Walaloo kana keessatti yaadni ijoon jiru garaan yaaddoo qabu sabrii (obsa) hinqabuudha. Sababa
garagaraa irraa kan ka’e daa’ima ofii biraa ala yoo bulan yookiin immoo daa’ima ofii irraa yeroo
muraasaafillee ta’u yoo gargar fagaatan garaan obsa qabaachuu dhabuu ibsa. Walaloo kana
keessatti jechootni ‘qabriifi sabrii’ jedhu ergaa wal deeggaru qabu. Qabriin iddoo dhalli namaa
irraa hin gallee akkasumaas namni qabrii seennaan lamata walargaan kan hin danda’amne ta’uu
ibsa. Kan qabrii seene hin deebi’u beekanii obsu. Daa’ima ofii garuu garaan nama obsuu
hindanda’u jechuu ibsuufi.

Hafee 35
An akkamiin tahaa,
Mee akkam abbaa kiyyaa,
63

Ati maaf naan loltaa,


Yaa ka garaa kiyyaa.

Walaloo kana keessatti yeroo daa’imni booyaafi alaanala guddiste haati ishee weedduu armaan
olii kana weeddisuun sossobdi. “An akkamiin tahaa mee akkam abbaa kiyyaa” kan jedhurraa kan
hubachuun danda’amu haati daa’ima isheef jaalala qabdu irraa kan ka’e daa’imni ishee yoo
sossobdee araaramuu dide fala dhabuu isheeti. “Ati maaf naan loltaa yaa ka garaa kiyyaa” kan
jedhu sababa ka’umsaa barbaaduuf kan gargaaramteedha. Namoonni biroo naan ooduuf sababa
qabachuu danda’u ati garuu dhala kooti maaliif naan ooduuf sababa maal qabdaa jechuun
sossobdi. Yaadni walii gala walaloo kanaa hariiroon haadhaafi daa’ima jidduu jaalala qulqulluu
kan waan takkollee sababa hin godhanne ta’uu barsiisa.

Hafee 36
Anniyyi torbumaa
Meettaan saddeetumaa
Kudha 12’n Alaa
Jiraan abbeetuma.

Walaloo olii kana keessatti haati daa’ima ishee sossobuuf abbaa daaima ishee faarsuun sossobdi.
Kun kan mul’isu hariiroon gaariin isheefi abbaa warraa ishee jidduu jiraachuu isaati. Akka
ilaalcha hawaasa keessaatti dubartoonni abbaa warra ofii afaanii baafatanii jaalala isaa ibsuufiin
akka qaaniitti waan ilaalamuuf karaa afwalaloo ibsuun immoo ni salphata. Gama biraatiin
afwalaloo armaan olii kanarraa kan hubannu dubartoonni afwalaloo dikkoon gargaaramuun
daa’imman seenaa hidda dhaloota ofii akka baraniifi lakkaa’uu danda’an gochuun akka isaan of
beekan taasisuudha.

Haati daa’ima ishee yeroo sossobdutti marartoo isheen daa’ima isheef qabdu afwalaloo dikkoo
fayyadamtee ibsachuu dandeessi. Afwalaloon dikkoo yeroo dubartoonni hojii hojjetanitti waan
weeddifamuuf haati daa’imaa takka yoo nama daa’ima isheef qabu hinqabaanne lafa ciibsitee
hojii ishee hojjetti. Yeroo kanatti daa’imni akka haati lafaa ishee kaastu barbaaddee iyyuu
dandeessi. Haati immoo daa’ima waliin hojii hojjechuun waan itti hin mijjoofneef dikkoon
faarsaa hojjetti. Afwalaloo dikkoo keessatti immoo mararfannaa daa’ima isheef qabdu ibsatti.
64

Walaloon dikkoo armaan gadii kanarraa haala haati daa’imaa keessa jirtu hubachuun ni
danda’ama
Hafee 37.
Koo mataan luuccaadhaa
Naa filamuu didee
Kee garaan joolleedhaa
Naa sobamuu didee

Walaloon dikkoo armaan olii kanarraa haati daa’imaa hojii isheefi daa’ima jiddutti dhiphina
keessa jiraachuu hubanna. Walaloo kana keessatti daa’ima ishee faarsitullee sobamuu diduu
ibsuuf sababaan deeggartee ibsiti. Sararoonni walaloo “Koo mataan huuccaadhaa naa filamuu
didee” jedhu kan ibsu mataan luuccaan filuudhaaf rakkisaa ta’uu ibsa. Akkasumaas “Kee garaan
joolleedhaa naa sobamuu didee” jedhu immoo ati joollee waan taateef sossoba koo dhagahuu
didde kan jedhu ibsa. Yaadni walaloo kana keessatti jiru akkuma mataan luuccaan filuudhaaf
rakkisaa ta’e joollee sossobuunilleen ulfaataa ta’uu ibsa. Dabalataanis garaan daa’imaa shira
tokkolleerraa qulqulluu ta’uu ibsa. Gama biraatiin walaloo kanarraa taatee tokkoof sababa
quubsaa kennuu danda’uuf xiyyeeffannoon hubachuun akka barbaachisu hubanna.

4.1.11. Ibsa Hariiroo Hawaasummaa

Hariiroon hawaasummaa hawaasicha keessatti karaa gaarii ta’eefi karaa yaraa ta’een mul’achuu
mala. Hawaasa Oromoo Harargee keessatti dubartoonni hariiroo hawaasummaairratti qeeqa ofii
isaanii ibsachuufafwalaloo dikkootti dhimma bahu. Kunis hariiroo miseensota caasaa hawaasaa
yookiin maatii keessatti walitti dhufeenya akkamii akka qabu akkasumaas ilaalchota hawaasa
keessatti mul’atu gad fageenyaan hubachuun taajjabbii ofii ibsu. Hariiroon hawaasummaa kana
keessatti ilaalchaafi yaadni gadhee jiru qeequun yaada keessoo ofiitiifi ejjannoo isaan qaban
dikkoon ibsatu.Walaloo armaan gadii kana keessatti qeeqa hariiroo obboleewwanii dikkoon yoo
ibsan haa ilaallu
Hafee 38
Obboleeysi kan kee,
Ka duutuu si dhaaluu,
Biyyee sitti deebisee,
65

Deebi’ee si hinlaaluu.

Walaloo armaan olii irraa kan hubatamuhawaasa keessatti haalli hariiroo obboleewwan jidduu
jiru qeequuf haati warraa dikkoo gargaaramuun taajjabbii ishee abbaa warraa ishee ibsuu isheeti.
Walaloo kana keessatti yaadni jiru kan ibsu dhimmo warra tokkoo qofa osoo hin taane hawaasa
naannoo biratti waan mul’atu akka kan ofiitti fudhattee kan ibsiteedha. Sarara lamaan
“Obboleessi kan kee ka duutuu si dhaalu” jedhu kun kan mul’isu, obboleessi kee yoo ati duute
qabeenyaafi haadha warraa keellee kan dhaalu isuma. Yaadni walaloo kana duuba jiru obboleessi
kee yoo ati duute qabeenya mara haadha warraa kees dabalatee kan dhuunfatu isuma ta’ee osoo
lubbuun jirtuu maaliif si quba hin qabaanne kan jedhuudha. Bo’oowwan lamaan boodaa keessatti
“Biyyee sitti debisee deebi’eellee si hinlaalu” jedhu immoo gara-jabeenya obboleessi isaa
qabeenyumaafi niitii dhaaluu fiiguu malee duuti isaa itti dhagahamuu dhabuu ibsiti. Walaloo
kana keessatti dubartoonni kan ibsuu barbaadan dirqama aadaa taanaani malee obboleewwan
niitii walii dhaaluun sirrii ta’uu dhabuu ibsuufi. Akkasumaas sababni dhaalaa qabeenyaa
barbaadaaf malee jaalala akka hintaane ibsatu. Akkasumaas hariiroo firooma jidduu jiru irratti
dubartoonni qeeqamataa isaanii afwalaloo dikkoo gargaaramanii ibsatu. Walaloon armaan gadii
kanaan gara jabeenya adeeraa ibsu.

Hafee 39
Karaan adareedhaa,
Karaa namaa hintaanee,
Adeerri aantiidhaa,
Abbaa namaa hintaanee,
Silaa numa tahaa,
Namumaafi hin naanee.

Walaloo kun sadarkaa firooma maatii keessatti maalummaa adeeraa (abbeeraa) ibsuuf kan
xiyyeeffatameedha. Adeerri, akka ilaalcha hawaasa naannoo sanaatti, fira dhihoo ta’ullee ilmaan
obboleessaafi obboleessa isaaf jaalala sirrii hin qabuuf. Ofittummaa irraa kan ka’e obboleessuma
isaa jibba. Bo’oowwan 3,4,5fi 6 keessa yaadni jiru kanu kan dhugoomsuudha. “Adeerri
aantiidha” kan jedhu gama firoomaa dhiigaatiin kan isarra firooma qabu hin jiru jechuu mul’isa.
“Abbaa namaa hin taane kan jedhu immoo firooma jabaa qabaatullee iddoo abbaa bu’ee akka
66

abbaatti jaalala dhugaa namaa (ilmaan obboleessa isaaf) hin qabu kan jedhu ibsuufi. “Silaa numa
ta’aa, namumaaf hin naane,” kan jedhan immoo sababa qeeqaa yaada kanaa kan ibsaniidha. Osoo
akka abbaa ofiitti nama jaalatee, mararfannaa namaaf hinqabu, garaa jabinaan beekkamaadha.
Gama biraatiin “Karaan Adareedhaa karaa namaa hin taane,” kan jedhu immoo daandii guddaa
Finfinnee gara Harar deemu ibsuu isaaniiti. Innis kan mul’isu daandiin kun daandii isaan beekan
osoo hintaane waan ajaa’ibaa ta’uu ibsa. Isaan kan beekan daandii namaafi beeyladaan irra
bobba’ee galu qofa. Kanarraa afwalaloon dikkoo kun yoom akka jedhame tilmaamuun nama hin
rakkisu.

4.1.12. Dikkoon Weedduu Shamarranii Ta’uu Yogguu Ibsamu

Dikkoon akaakuu afwalaloo hojii shamarraniin wayta hojii mana keessaa kan akka mooyyee
tumuufi daakuu daakuu hojjetanitti weeddifamuu ta’uu walaloo dikkoo irraa mirkaneeffachuun
ni danda’ama. Walaloon armaan gadii kundikkoon weedduu hojii kan dubartootaa ta’uu ibsu.

Hafee 40
Muyraa callesanii
Daaroota guutanii
Dubroo mooyyee tumaa
Dikkoo hin dhageesanii.

Dikkoo armaan olii kun kan ibsu dubartoonni bishingaa daarota guutuu mooyyetti calleessuu
isaaniifi yeroo mooyyee tuman kan weeddisaa turan dikkoo ta’uu isaati. Weedduu fageenyarraa
dhageenyaan dubartoonni hojii mooyyee tumutti jiraachuu isaanii hubatan. Kun kan hubachiisu
dikkoon weedduu hojii kan dubartootaa ta’uudha.

Hafee 41.
Burjaana kaayyadhuu
Lootii na kaayyadhuu
Koottu mooyyee tumnaa
Hiriyaa gaafadhuu.
67

Walaloo kanarraa kan hubannu hiriyoonni shamarranii wal waamanii iddoo tokkotti mooyyee
wajjiin tumuu isaaniiti. Hojii gamtaa cimsuu keessatti dikkoon faayidaa guddaa qaba. Gama
biraatiin walaloo kanarra kan hubannu jaalala jidduu hiriyyota shamarranii jiruudha. Kana kan
mul’isu boo’oo lamaan duraa, “Burjaana kaayyadhuu lootii na kaayyadhuu,” kan jedhaniidha.
Burjaanniifi lootiin meeshaalee faayaa dubartoonni mormatti kaawwataniidha. Tokko ati
kaawwadhuu kaan anaaf kaayi kan jedhuudha.Yaadni waliigalaa walaloo kana keessa jiru
hiriyoonni dubartootaa yeroo mooyyee tuman waliin ta’uun tumuu isaati.

4.2. Faayidaalee Afwalaloon Dikkoo Hawaas-Diinagdee Keessatti

Afwalaloon dikkoo dubartoonni yeroo hojiitti dadhabbiin akka itti hindhagahamne gochuu irra
dabree dubartootaaf faayidaawwan garagaraa baay’ee qaba. Faayidaawwan dikkoon dubartootaaf
qabu hubachuuf kallattiilee garagaraa kanneen akka hiriyummaa dubartootaa cimsuu, gamtaan
hojjechuu dubartootaa jajjabeessuufi dandeettii aartiitiin dubartoonni yaada keessoo isaanii akka
ibsachuu danda’an tumsuu fa’a. Akka waliigalaatti fayidaalee afwalaloo dikkoo akka armaan
gadiitti kan dhiyaatu ta’a.

4.2.1. Hawaasummaa Dubartootaa Cimsuu

Hiriyummaan dubartoota giddutti akka dagaagu gochuu keessatti gaheen afwalaloo dikkoo
olaanaadha. Shamarran yeroo hojjetan gareen waan hojjetaniif akka isaan eenyummaa walii
isaanii hubatan gochuu keessatti gaheen dikkoon qabu olaanaadha.Ragaalee karaa
afgaaffiifimarii garee xiyyeeffannooragaakennitoota irraa argame akka ibsutti, dubartoonni
waytii hojii garagaraa hojjetan waliin ta’uun hojiiwwan isaanii kan raawwatan ta’uudha. Haalli
kun immoo walitti dhufeenyi dubartootaa akka cimu taasisa. Walitti dhufeenyi dubartootaa cime
immoo kallattii gama hawaasummaa, xiinsammuufi kkf faayidaa qaba.

Afwalaloon dikkoo hariiroo dubartootaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qaba. Hariiroon
dubartootaa gaariin akka uumamuuf afwalaloon dikkoo sababa ta’uu isaa ragaalee marii garee
xiyyeeffannoo irraa argameen mirkaneessuun danda’ameera. Yeroo marii garee kanatti dikkoon
akkamiin akka hariiroo dubartootaa cimsuu danda’u haala qabatamaa yeroo isaanii ture kaasuun
akkas jechuun ibsu, “Dur yeroo keenya dubartoonni akka umriin walitti dhiyaannutti hiriyummaa
68

uummachuun waan hojjennu mara walumaan hojjenna; bakka deemnu hundatti waliin deemna.
Yeroo kamuu addaan hinbaanu, bakki bultii keenya tokko.” Ragaalee mariin argame akka ibsutti
shamarran walitti dhufeenya gaarii qaban irraa kan ka’e akka hiriyaa qofa osoo hin taane akka
obboleewwaniitti wal ilaaluu turan. Yaada yeroo marii garee ibsan irraa hubachuun kan
danda’ame, hiriyummaan yeroo isaanii ture hiriyummaa dhugaa irratti hundaa’eedha. Kanaaf
ragaan isaan dhaleessan yeroo isaanii shamarran akka hiriyaatti waliin jiran jaalalti dhugaa
jidduu isaanii waan jiruuf waan qaban waliin qooddatu; uffata walii uffatu; waliin dibatu; waliin
nyaatu.Raagaan marii garee irraa argame irraa hubachuun kan danda’ame hiriyummaan
dubartootaa kun durii kaasee hawaasa naannoo kanaa keessatti bal’inaan kan beekamuudha.

Garuu hirmaattonni marii garee hiriyummaa yeroo isaaniifi kan yeroo ammaa wal bira qabuun
yoo ibsan akkas jedhu, “Yeroo har’aa maqaa yoo ta’e malee hiriyummaan dhugaa hin jiru.”
Kanaaf ragaaleen isaan kennan yeroo isaanii sanatti dubartoonni hiriyaa ta’an waliif yaadu; waan
gaarii waliif hawwu; waliin gaddu; waliin gammadu; waan gaarii irratti waljajjabeessu; waan
badaa irraa akka of qusatan walgorsuufi waan hiriyummaa isaanii miidhu waliin falmatu.Yaada
kana kan mirkaneessu qabiyyee walaloo armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.

Hafee 42
Diddiimtee Dannabaa
Shankoorri itti hin tolle
Shankoorri akka teetii
Heerumattuu hin tolle,

Waloloo dikkoo armaan olii kanarraa kan hubatamu, dubartoonni hariiroo hiriyummaa cimaa
waliin qabaachuu isaanii irraa kan ka’e yoo isaan keessaa isheen tokko heerumaan gargar baatu,
gargar bahinsa kana balaaleffachuuf miira keessoo isaanii haala armaan olii kanaan ibsachuudha.
“Diddiimtee Dannabaa shankoorri itti hin tolle,” kan jedhu keessatti Dannaba kan jedhu maqaa
lafaa kan Aanaa Baddannoo keessatti argamu yoo ta’u diddiimtee kan jedhu immoo bifti lafa
sanaa diimtuu yookiin faaroo ta’uu ibsa. “Shankoorri itti hin tolle,” kan jedhu immoo lafi bifa
akkasii oomisha shankooraaf mijjattuu ta’uu dhabuu ibsa. “Shankoorri akka teetii heerumattuu
hin tolle,” kan jedhu immoo hiriyaa ishee faarsuuf kan gargaaramteedha. Heerumni adeemsa
jireenyaa uumaa keessa kan jiru ta’uu osuma beekamuu jaalala waliif qaban irraa heerumni
69

hiriyaa ishee akka waan hiriyyummaa isaanii diiguuf jecha taasifameetti fudhatu.
Afwalaloowwan armaan gadii kun jaalalti isaanii jaalala dhugaa bu’uure ta’uu isaa kan
mirkaneessuudha.
Hafee 43
Uluulloo gobeensaa
Aaddee tiyyaa qabaaa
Jaalalaan si jaallu
Rabbii quba qabaa

Afwalaloo armaan olii irraa jaalalti dubartootaa jaalala dhugaa ta’uu hubachuun ni danda’ama.
Walaloo kana keessatti bo’oowwan jalqabaa ‘uluulloo gobeensaa aaddee tiyyaa qabaa’ jedhu
keessatti uluulloo kan jedhu meeshaa muuziqaa kan aadaa gobeensarraa tolfamuudha. Aaddee
tiyyaa qabaa kan jedhu immoo qabeenyi hiriyaan tiyya qabdu kooti kan jedhu ibsa. ‘Jaalalaan si
jaallu Rabbii quba qabaa’ jedhu immoo jaalalti dubartootaa jaalala faayidaa irratti kan hundaa’e
osoo hin taane jaalala dhugaa ta’uu waliif mirkaneessuuf jecha kan itti gargaaramaniidha.

Hafee 44
Saakayyoo ullulaa,
Qilleensaa lullulaa,
Muciyyoo guntutaa,
Warri maaf gurguraa.

Yaada walaloo armaan olii kanarraa kan hubatamu shamarran hiriyaa ta’an keessaa isheen tokko
fedhii isheen alatti warri ishee dirqisiisanii umrii malee yoo ishee kennan, hiriyoonni ishee
mufannaa isaanii walaloo kanaan ibsachuudha. Boo’oo jalqabaa“Saakayyoo ullulaa qilleensaa
lullulaa” kan jedhu keessatti shaakayyoon muka foolii gaarii qabu kan shamarran matatti
suuqqatanii ittiin boonaniidha. Ullula kan jedhu immoo lafa qarree gubbaa yookiin afaan gaaraa
jirtuudha. Iddoo akkasii irratti immoo qilleensi baay’inaan bubbisa. Saakayyoon kan miidhagdu
mataa shamarranii gubbatti yoo suuqqataniidha. Garuu, ullulatti qilleensumaatu oliigad raasa
malee kabaja silaa argachuu malte hin arganne kan jedhu ibsa. Sila qilleensi olii gad raasu
yookiin sochosu mataa shamarranii irraa kan lulatu taatee miidhagdi jechuu ibsuuf kan
gargaaramaniidha. “Muciyyoo guntutaa warri maaf gurguraa,” kan jedhu immoo shamarran
70

yeroo malee heerumuun sirrii akka hin taaneefi yeroon ijoollummaa gammachuu ta’ee osoo jiruu
herumaan ishee afaan bahuun/ itti jarjaruun/dhiibbaa ta’uu ibsu. Afwalaloo kana keessatti
shamarran umrii malee heerumuufi fedhii malee warri ishee dirqisiisanii kennuu mormuuf miira
keessoo ofii ibsatu. Kun kan mul’isuafwalaloon dikkoo dirree dubartoonnimiira keessoo ofii itti
ibsatan ta’ee gargaaruu hubanna. Dhimmoota silaa iddoo biraatti mormuuf mirga itti hin qabne
dikkoo fayyadamanii mormii isaanii ibsatu.

Hafee 45
Mana jaaruu hin beekuu,
Dallawa naa wayyaa,
Waldhabuu hin dandeenyuu,
Walbira nuu wayyaa.”

Yaada walaloo armaan olii kanarraa hubachuun kan danda’amu waliin malee jireenyi hiika akka
hinqabneedha. Mana ijaaruu hin beekuu dallawa naa wayya, mana ijaaruun oguma cimaa akka
ta’e dallawni garuu akka ijaarsa manaa kan hin ulfaanne ta’uu ibsa. Garuu beekumsa manaan itti
ijaaran hin qabuu dallawa ijaaruu naaf wayya. Yaadni kun kan mul’isu manni dallawaan kan
miidhagu ta’uu ibsa. Waldhabuu hindandeenyuu walbira nuu wayya kan jedhurraa kan hubannu
shamarran hiriyaa ta’an kunneen gargar bahanii jiraachuu akka hin dandeenyeedha.

Gama birootiin dubartoonni wajjiin jireenya isaaniikeessatti haala hojiin itti hojjetamuufi
muuxannoo garagaraa wal dhaalchisuu danda’u.Ragaaleen marii garee hirmaattota waliin
taasifame irraa argame akka dhugoomsutti shamarran hojiiwwan isaanii yeroo hojjetan jaalalaafi
gammachuun hojjetu. Yeroo akkasii sana dandeettiimiira walii ittin hubataniifi hawwii
waltumsuu irratti ilaalcha gaarii horatu. Ragaan raahimtootarraa argame akka ibsutti shamarran
hiriyummaa gaarii qabaachuu irraa kan ka’e ogummaawwan garagaraa kanneen akka gundoo
hodhuu, rifeensa dhahuu/tolchuufi akkaataa nyaata itti tolchan walii isaaniirraa baruu irratti wal
jajjabeessu. Adeemsa muuxannoo qooduu keessatti immoo afwalaloon dikkoo tooftaa cimaa
ta’ee kan gargaaruudha. Yeroo marii garee waliin taasifametti yaada kana hirmaattonni akka
ibsanitti dikkoo gargaaramuun muuxannoo hojii dabarsuun akka danda’amu ni ibsu.
Fakkeenyaaf yaada kana afwalaloo dikkoo armaan kan yeroo mooyyee tuman jedhan irraa
hubachuun ni danda’ama.
71

Hafee 46
Kan baasu Kan Jalaa Qabu
Qabi yaa intal Qabi yaa intal
Sa mooyyeen maali na seete? Qabi yaa intal
Ta tumtee hin baasne na seete. Qabi yaa intal
Ta kurkuu hin beekne na seete. Qabi yaa intal
Ta bulleeysuu hin beeyne na seete. Qabi yaa intal
Ta dhuubdu hin ganaanne na seete Qabi yaa intal

Afwalaloo armaan olii keessatti kan mul’atu tartiiba hojiin mooyyee tumuun hordofuu qabu
ilaalchisee mooyyee tumuu irraa eegalee hamma buddeena tolchuuf qophaa’utti waan
raawwatamuu qabu kan ibsuudha. As keessatti kan hubatamu dubartiin muuxannoo raawwii
tartiiba kanaa hinbeekne mooyyetti midhaan tumtee buddeena tolchuufrakkachuu malti.
Kanaafuu tartiibni mooyyee irraa kaasee hamma eelee bira gahutti keessa darbamuu qabu maal
akka fakkaatu ibsuuf kan gargaaruudha. Akka tasaa ta’ee shamarreen tartiiba kana hin beekne
yoo jiraatte osuma beekuu dhabuu ishee namni tokkolleen ishee irratti hin barin yaada walaloo
kana keessa jiru xiyyeeffachuun hubachuu dandeessi.

Afwalaloon dikkoo walitti dhufenya dubartootaa cimsuun walqabatee gama xiinsammuun


faayidaa guddaa qaba. Kaayyoonijoon dikkoo dadhabbii hojii irraa qaamaafi sammuun akka
bilisa ta’uuf walbashannansiisuudha. Bashannanuun summuun hojiin dhiphatte akka tasgabbii
argattu taasisa. Akkasumaas afwalaloo dikkoo keessatti waa’ee jireenyaa hawaasummaa,
beekumsa naannoo ofii, ilaalchaa, falaasamafi maalummaa jiruufi jireenyaa irratti hubannoo
akka argatan gargaara. Dubartoonni miira ofii dikkoo gargaaramanii ibsachuu danda’uun
keessoon isaanii tasgabbii akka argatu taasisa.

Haata’uu malee akka yaada hirmaattotaatti yeroo har’aa kana hiriyaan dhugaa maqaaf yoo ta’e
malee hin jiru. Hiriyummaan dhugaa yeroo ammaa kana jiraachuu dhabuu irraa kan ka’e
ofittummaan, wal hubachuu dhabuun, maal na dhibeefi tola-ooltummaan baduun hawaasa
keessatti bal’inaan mul’achuu kanaaf sababa ta’uu ibsu. Kanaaf ragaaleen isaan dhiyeessan haala
yeroo isaanii tureefi haala qabatamaa yeroo ammaa ijoollee shamarranii biratti mul’atu wal bira
qabuun ibsuudhaani. Yeroo isaanii san hiriyaan afwalaloo dikkootiin jaalala walii qaban ibsatti.
72

Wayta tapha aadaa irratti hirmaataniis waliin ta’anii deeman. Isaan keessaa isheen tokko yoo
heerumte shamarran gandaa hundi guyyaa torbaaniitiifi san boodalleedhaqanii ilaalu. Jireenyi
yeroo isaanii sana baay’ee nama hawwisiisa jedhu. Akka yaada hirmaattotaatti akka gaafa
keenyaa sanitti yeroo ammaa kana walitti dhufeenyi qaban cimaa miti. Ragaaleen argame akka
ibsutti maalummaan hiriyaa hawaasa keessatti iddoo olaanaa kan qabuu ta’uu ibsu. Akka yaada
isaaniitti sadarkaan hiriyaa olaanaa ta’uu ibsuuf, jaalalti hiriyaa jaalala haadhaafi abbaatillee
akka caalu ibsu. Yaadni isaanii kan mul’isu jaalalli hiriyaa faayidaa irratti kan hundaa’u ta’uu
hin qabu.

4.2.2. Gahee Afwalaloo Dikkoo Diinagdee Keessatti

Afwalaloo dikkoo akaakuu weedduu hojii ta’uu irra kan ka’e dubartoonni yeroo hojii hojjetan
miira dadhabbii keessaa of baasuuf jecha kan weeddisan ta’ee gamtaan hojjechuu cimsuu
keessatti iddoo guddaa qaba.Gamtaan hojjechuun dubartootaa kun Harargee Bahaa Aanaa
Gurawaa keessatti bal’inaan kan ture ta’uu ragaalee marii garee xiyyeeffannoo irraa argameen
hubachuun danda’ameera. Afwalaloon dikkoo hojii hojjetamu san yeroon xumuruufi dadhabbii
irraa walaba gochuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaa ragaan argame ni mirkaneessa.
Akka ragaalee marii garee waliin adeemsifame irraa hubachuun danda’ametti dubartoonni yeroo
mooyyee tuman yookiin dhagaa irratti midhaan daakan hiriyoonni hundinuu iddoo tokkotti
akkuma manni isaanii walitti dhihaatutti yookiin immoo akkuma hiriyummaan wal filatanitti
waan hojjetamu walbira fidachuun qe’ee warra ishee tokkootti waliin hojjetu. Haala kana
keessatti akka shamarran walbira hawwan yookiin waliin hojjechuu jaalatan kan godhan keessaa
dikkoon qooda olaanaa qaba. Afwalaloon armaan gadii shamarran wal bira hawwuu isaanii kan
ittiin mirkaneeffannuudha.

Hafee 45
Hiituun na hinhiinee
Yoo sabbataa malee
Dhiitee naa hinbariinee
Yoo si biraa malee
73

Walaloo armaan olii kanarraa kan hubannu shamarran wayta mara waliin kan jiraatan ta’uu
isaati. Yaada kana kan mirkaneessu bo’oowwan dhumaa ‘dhiitee naa hinbariine, yoo si biraa
malee’ keessa ergaa jiruudha. Akka tasaa ta’ee yoo guyyaa tokkolleef wal biraa dhabaman
walyaaduu irraa kan ka’e garaan isaanii wal obsuu dadhabuu ittiin ibsatu. Bo’oowwan jalqabaa
‘hiituun na hinhiinee, yoo sabbataa malee’ jedhurraa hubachuun kan danda’amu hiriyaa ishee
yaaduu irraa kan ka’e sadarkaa isheen keessa jirtu ibsachuuf kan gargaaramteedha. Akka
falaasama hawaasaatti namni kan yaadu garaan waan ta’eef yaada garmalee irraa dandamachuuf
hidhachuun fala akka ta’etti amanama. ‘Garaa hidhachuu’ jedhu akaakuu jechamaa ta’ee hiikni
isaa obsuu jechuu ta’a.

Akkasumaas, afwalaloon dikkoo dubartoota Harargee biratti walitti dhufanii waliin hojjechuu
jajjabeessuun cinatti miira waliif yaaduu, waliin yaaduufi waldeeggaruu cimsuu keessatti qooda
olaanaa qabachaa turuu ragaalee argame irraa hubachuun ni danda’ama. Wayta waliin hojjetan
kanaimmoo rakkoolee gama diinagdeen isaan mudatuu danda’u irratti walii tumsuu, rakkinicha
waliin qooddachuu, miira aantummaa walii horachuun waliin jireenya gaarii qabaachaa akka
turan yaada yeroo marii garee ka’een ibsaniiru. Ragaaleen marii garee xiyyeeffannoo irraa
argameen dubartoonni dhimmoota hawaas-diinagdee irratti waltumsuun walgargaaraa akka
turaniifi haalli akkasii sun hawaasicha keessatti baratamaa akka ta’e hubachuun danda’ameera.
Yaada kana dhugoomsu odeeffannoon armaan gadii marii garee xiyyeeffannoo (Dabalee A) irraa
argameen yaada kana hubachuun ni danda’ama.
“…Dubartiin tokko guuza kan qabdu yoo taate shamarran gandaa maatii isaanii
bira deemuun akka gargaaraniif gaafatti. Shamarran kunneen dhufanii tajaajila
guuzaa barbaachisu mana haadha guuza qabduutti hojjetu. Guuzni kun kan
gurbaan soddaa warra soddaaf bobbaasu yoo ta’e, kurfiin taasifamu guyyaa
lamaafi isaa ol ta’uu danda’a. Shamarran gargaarsaaf mana haadha guuzni
ooluuf kana jiran immoo guyyaa sadanuu hanga guuzni boobba’ee galutti mana
warra isaaniitti osoo hin deebine asuma turu danda’u. Yeroo turtii isaanii kanatti
hojiiwwan garagaraa hojjetu. Hojiiwwan kanneen keessaa mooyyee tumuu,
daakuu dhagaarratti daakuu, qoraan cabsuufi nyaata guuzaaf ta’u qopheessuu
fa’a. Yeroo mooyyeefi dhagaa daakan waljalaa qabuun dikkoo weeddisu. Yeroo
daakuu daakan dhagaa midhaan irratti daakamu akkuma baay’ina dubartootaafi
hamma daakamuu barbaadame irratti hundaa’uun qopheeffataniiyeroo gabaabaa
keessatti daaku. Mooyyee yoo ta’e immoo nama lama lama ta’uun midhaan
daarota guutuu tumanii fixuu malu. Akkasumaas gargar wal qooduun bishaaniifi
qoraan fiduun qophii barbaachisaa godhu. Adeemsuma kanaan tartiiba hojiitiin
itti raawwatu eeganii hangakashagodhuun guuzaaf ooyrutti geessuutti kan
raawwatan shamarranuma kana. Erga guuzni gargar galanii isaanis gara warra
isaaniitti haati guuzaa kabajaan galchiti...”
74

Yaada armaan olii kanarraa kan hubannu, dubartoonni dhimmoota diinagdeefi hawaasummaa
irratti rakkoo tokko malee walitti hirmaachuun walirraa salphisu.Haalli kun immoo tola-
ooltummaan hawaasicha keessatti akka jajjabaatu taasisuun rakkoo diinagdee dubartootaa kan
baasiifi humna garmalee baasisuu danda’u hambisuu irratti baay’ee barbaachisaadha.
Dabalataanis dubartoonni yeroo gamtaan hojii hojjetanitti ilaalcha tola-ooltummaa
garagaraafiwantoota tokkummaa jidduu isaanii cimsu baay’ee raawwatu. Ragaaleen marii garee
irraa argame akka ibsutti shamarran yeroo hojii hojjetanitti dubartoota deeggarsa hinqabnee,
haadha daa’imaa qabduufi kan dhibamtee ciistuu shamarran gandaa gargaaruun mooyyeefi
daakuu ni daakuuf turan. Yaada marii garee irraa akka hubachuun danda’ametti, haadholiin
dubara hojiif geesse hin qabne akkuma ilmaan isheetti shamarran gandaa irraa dirqama
ollummaa qabdi turte. Gaafa ijoolleen ishee umrii hojiif geesse immoo isaaniis haadholii gandaa
dabaree isaanii ni gargaaru jechuudha. Haalli kun immoo tasgabbii hawaasummaa gama maraan
jiruuf baay’ee murteessaadha.

Akksumaas,shamarran yeroo hojii isaanii walbira dhufuun hojjechuu keessatti dikkoo


fayyadamuun isaanii akka isaan hojii yeroo gabaabaa keessatti raawwatan gargaara. Ragaaleen
yeroo afgaafiifi marii garee xiyyeeffannoo argame irraa hubachuun akkadanda’ametti shamarran
yeroo hojii mooyyee tumuufi daakuu daakan walitti dhufanii dikkoo weeddisaa yeroo gabaabaa
keessatti xumuru. Sababni isaas hojii yeroo hojjetanitti waliin waan hojjetaniif hojii namni tokko
kophaa isaa hojjechuuf yeroo dheeraa fudhachuu malu yeruma gabaabatti raawwatu. Wayta hojii
hojjetan kanatti dubartoonni wanta hojjetan iddoo tokkottiwal bira fidanii hojjetu. Haalli itti
hojjetan immoo hojiiwwan hojjetan hunda osoo wal irratti hin eegne tumsaan hojjetu.
Dabareedhaan hojii ishee tokkoo erga fixanii booda kan ishee birrootti dabruun dabaree walii
hojjetu

Afwalaloon dikkoo weedduu hojii gamtaan hojjechuu dagaagsuu keessatti gahee qabu akka ta’e
olitti ibsameera. Dubartoonni yeroo gamtaan hojjetan kanatti muuxannoofi beekumsa qaban
waliif qoodu. Adeemsi kun immoo seenaafi muuxannoo walfakkaataa akka qabaatan taasisa.
Akka ragaan daawwannaa irraa argameen hubachuun danda’ametti hojiiwwan dubartootaa
kunneen shaakalaafi muuxannooguddaa qabaachuu kan barbaadan ta’uu isaaniiti. Muuxannoo
kana immoo walii isaanii irraa horachuu danda’u. Akkuma hojiin muuxannoofi shaakala gaafattu
dikkoon yeroo hojii weeddisanilleen shaakalaafi muuxannoo barbaachisa. Afwalaloon dikkoofi
75

akkaataan hojii itti raawwatu walirratti waan hundaa’uuf muuxannoon qabiyyee dikkoo
xiyyeeffachuun akaaakuu hojii baruu danda’u. Kunis kan mul’isu akaakuu hojii dubartootaa
irratti hundaa’uun dikkoon garaagarummaa qabaachuu akka danda’u ragaaleen marii gareefi
daawwannaa irraa argame ni mul’isa. Kanarraa kan hubannu afwalaloo dikkoo yeroo mooyyee
tumaniifi dhagaa irratti midhaan daakan jedhan jidduu haala raawwii hojichaa irratti hundaa’uun
garaagarummaa qabaachuu isaati. Ragaa yeroo daawwannaan taasifame argameen dikkoon yeroo
mooyyee tumaniifi daakuu daakan weeddisan garaagarummaa qabaachuu isaanii hubachuun
danda’eera. Kana jechuunis, addaa addummaan isaanii qabiyyeen osoo hin taane haala
hurruubbii, yeedaloofi sochii qaamaati

Afwalaloon dikkoo dubartoonni yeroo hojii mooyyee tuman jedhan haalli sochii isaaniifi
yeedaloo hojii mooyyee tumuu irratti kan hundaa’uudha. Innis yeedaloofi sochiin isaan taasisan
kun sochii toomaa harka lamaanin qabatanii ol kaasuun mooyyee keessatti gad deebisan duukaa
yeedaloofi rukuttaan (rythm) sirbichaa kan deemuudha. Toomaan mooyyee keessatti midhaaniin
itti bulleessan yeedaloofi sochiin qaamaa akka wal faana ta’u gochuu keessatti murteessaadha.
Kun immoo kan gargaaru yoo dubartoonni nama lamaan kan tuman ta’e akka shamarran dabaree
isaanii eeguun osoo toomaan wal hin rukunne gochuun miirri wal dorgommii akka keessatti
uumamu taasisa. Miirri waldorgommii kun immoo si’aayinaafi hamileen akka cimu gochuun
osoo dadhabbiin itti hin mul’atin yeroo gabaabaa keessatti hojiin fiixaan akka bahu taasisa.

Fakkii 1 Samarree midhaan shuumoo tumtee Fakkii2 Qorataan yeroo afgaaffii


baastu agarsiisu,(gandaWarabbo,Onk.21/2/2012) ragaahimtootootaa waliin taasisu mul’isu
(ganda Eree

Afwalaloon dikkoo yeroo daakuu dhagaa irratti daakan weeddisan immoo akkuma olitti ibsame
sochiifi yeedaloon ishee kan yeroo mooyyee tuman jedhaniin adda ta’uu ragaalee daawwannaa
irraa argameen hubachuun danda’eera. Dikkoon yeroo daakuu daakan jedhamu haalli sochii
qaamaa akkaataa daakuun itti daakamu waliin yeedaloon ishee kan walitti hidhata qabuudha.
76

Kanumarraa ka’uun namni tokko dikkoo yeroo mooyyee tuman weeddisaniifi kan yeroo daakuu
daakan jedhan yeedaloofi haala dhikkisa ishee hubachuunaddaan baasuu ni danda’a.
Akkasumaas mooyyee yeroo tuman dubartoonni dhaabbatanii kan tuman yoo ta’u; yeroo daakuu
daakan immoo jilbiiffatanii majii harka keessatti qabatanii dhagaa daakuu irra oliifi gaditti rigata
uumuun kan raawwatamuudha.

4.3. WantootaAfwalaloo Dikkoo Irratti Dhiibbaa Fidaa Jiran

Mata duree kana jalatti ragaalee afgaaffii, marii gareefi daawwannaa irraa argamaniin yeroo
har’aa afwalaloo dikkootti dubartoonni gargaaramaa jirachuu dhabuu isaaf wantoota sababa
ta’anhubachuun danda’ameera. Ragaaleenmalleen sadeen olitti ibsame irraa argame akka
mul’isutti, afwalaloo dikkoo irratti wantoota addaddaatu dhiibbaa geessisaa jira. Isaanis akka
armaan gadiitti dhiyaatu

4.3.1. Jijjiiramaa Dhufuu Haala Jiruufi Jireenya Hawaasaa

Ragaalee afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoo irraa argame akka ibsutti hojiiwwan mana
keessaa hojjechuu, daa’imman guddisuufi nyaata qopheessuun gahee dubartootaati. Dubartoonni
yeroo hojiiwwan kanneen hojjetanitti deeggarsa warra dhiiraa tokkollee hin qaban. Sababni isaas
akka ilaalcha hawaasaatti hojiiwwan mana keessa, daa’imman guddisuun, nyaata
qopheessuuniifi warra dhiiraatiif kunuunsa gochuun gahee dubartootaati jedhamee waan
yaadamuufi Haa ta’uu malee dubartoonni osoo qabanuuf itti gaafatamummaa baay’ee
baadhatanii jiranuu mooyyeetti midhaan tumuun yookiin dhagaa daakuu irratti daakuun nyaata
qopheessaa turuu ragaaleen wayta marii gareefi daawwannaa irraa argame ni ibsa. Yeroo
hoiiwwan mooyyee tumuufi daakuu daakan ittiin of jajjabeessuuf afwalaloo dikkoo gargaaramaa
turuu ibsaniiru.

Bara sana keessa ijoolleen dubartootaa kanneen umriin isaanii ittigaafatamummaa hojiilee
kanneeniif hindhaqqabin afwalaloo dikkoo haadhilii isaanii wayta isheen yeroo hojii san hojjettu
weeddistu dhageeffachuun baratau. Gaafa umriin isaanii hojii mooyyee tumuufi daakuu daakuu
itti raawwachuu danda’an bira gahe afwalaloowwan haadholii irraa dhagahan kanneen wayta
dabaree isaaniitti yaada ofii ittiin ibsachaa akkuma warra isaan duraa carraa afwalaloo dikkoo itti
77

gargaaraman argatuu turan. Akkasumaas dubartoonni akkuma afwalaloo dikkoo haadholii irraa
dhaalan muuxannoofi ogummaa hojiiwwan garagaraas adeemsuma dikkoo itti baratan keessa
horachuu danda’u. Gama birootiin dubartoonni carraa haadha ishee irraa afwalaloo barachuu hin
argatin yeroo hojii gamtaan hojjetanitti walii isaanii irraa barachuu akka danda’an ragaa afgaaffii
irraa argameen hubachuun danda’ameera.

Haata’uu malee yeroo ammaa kana keessa hojiin mooyyee tumuufi dhagaarratti daakuu daakuun
bal’inaan hin mul’atu. Ragaaleen marii gareefi daawwannaan argame irraa yeroo ammaa kana
dubartoonni mooyyee tumaniifi daakuu dhagaa daakuu irratti daakan akka durii san bal’inaan
kan hin mul’anne mirkaneeffachuun danda’ameera. Dubartoonni yeroo har’aa hojiiwwan isaanii
kanneen baabura midhaan daakutti waan fayyadamaniif akka dubartootaa durii humna isaanii
fayyadamanii midhaan daakuun hafeera. Ragaa yeroo daawwannaa argameen hubachuun akka
danda’ametti baaburri midhaan daaku babal’achuun gandoota baadiyyaa hunda keessa wal
gaheera. Haalli kun immoo itti fayyadama afwalaloo dikkoo irratti dhiibbaa qabaachaa dhufuu
isaa ragaalee marii gareefi daawwannaan argame hubachuun danda’ameera. Afwalaloon dikkoo
immoo afwalaloo hojii kan yeroo mooyyee tumaniifi daakuu daakan dubartoonni weeddisan
waan ta’eef, hojiiwwan kunneen dhiifamaa deemuun itti fayyadamni afwalaloo dikkoos hafaa
akka dhufu gochuuf sababa ta’eera.

Gama biraatiin ragaa marii gareefi daawwannaan argame irraa hubachuun akka danda’ametti
mooyyee tumuun darbee darbee ni mul’ata. Ragaahimtoonni qorannoo akka ibsanitti hojiin
mooyyee tumuu guutumaa guututti hindhaabbanne. Yeroo har’aa dubartoonni mooyyee
sababoota garagaraa tumuu malu: yeroo qarshiin ittiin mana baaburaatti ittiin daakan dhabamte,
akkasumaas akaakuu nyaata qopheessuu barbaadanii waliin kan walqabatuudha. Akaakuu
nyaataa shuumoo yookiin muluu qopheessuu yoo barbaadan mooyyetti yoo tuman malee
baaburatti gargaaramuun hin danda’amu. Ragaa daawwannaan argame irraa yeroo dubartoonni
mooyyee tuman arguun danda’ameera. Haa ta’uu malee yeroo mooyyee tumanitti dubartoonni
afwalaloo dikkoo osoo hin fayyadamin callisanii yoo tuman ni mul’atu. Kunis afwalaloo dikkoo
beekuu dhabuu irraa akka ta’e ragaa marii garee irraa argameen mirkaneessuun danda’ameera.
78

4.3.2. Ammayummaafi Babal’achuu Magaalaa

Wantoota afwalaloo dikkoo irratti dhiibbaa uumaa jiran keessaa inni biraa ammayummaa duukaa
deemuufi magaalaan babal’achaa dhufuudha. Ragaahimoonni qorannoo kanaa haala yeroo
isaaniifi dhaloota har’aa dikkoo fayyadamuu irratti garaagarummaa jiru akkasitti ibsu

“Nuti dikkoo dur yeroo mooyyee tumnuufi daakuu daaknu akka dadhabbiin
nutti hindhagahamneef jecha qofa osoo hintaane akka madda gammachuu
yookiin bashannanaatti, miira keessoo keenyaa itti ibsachuufi jaalalaafi jibba
ittiin ibsanna. Yeroo keenya san jaalalti hiriyummaa, walii yaaduun, waliin
jireenyi wal deeggaruun bal’inaan mul’ata. Garuu dhaloonni har’aa dikkoo
hinbeekan. Dikkoo waan hin beekneef weeddisanii ittiin yaada ofii ibsachuu
hin danda’an. Dubri har’aa akka keenya durii san gadhummaa hin qaban.
Kanarraa kan ka’e ofii isaaniitii weeddisuu dhiisanii bashannanaa waan
biraa hordofu.”

Yaada ragaahimtootaa armaan olii keessatti “Dubri har’aa akka keenya durii san gadhummaa
hinqaban,” kan jedhu keessatti jechi “gadhummaa” jedhu hiika iddoo birootti qabu osoo hin
taane akka Ummata Oromoo Harargeetti nama dandeettii waa hubachuu, artiin keessoo isaa
ibsachuu danda’u, gamnummaa kan qabu/du … ibsuuf kan gargaaruudha.

Dubartoonni yeroo har’aa dikkoo beekuu dhabuu isaaniif akka sababaatti kan ka’u, hojiin
dikkoon wal qabatu jiraachuu dhabuu qofa osoo hin taane, ilaalcha gama ammayyummaan
babal’aachaa dhufe akka ta’e ragaa marii gareetiin argame irraa hubachuun danda’ameera.
Kanumarraa kan ka’e dhaloonni har’aa afwalaloo dikkoo dabalatee aadaa ofiitiin xiyyeeffannoo
kennuu dhabuufi tuffachuun bal’inaan mul’ata. Ragaahimtoonni yeroo mariin taasifametti
muuxannoo isaaniif dhaloonni har’aa bakka qabaachuu dhabuu irraa kan ka’e beekumsi
afwalaloo dikkoo akka waan yeroon itti dabreetti fudhachuu isaanii hubachuun danda’ameera.
Sababni isaas yoo isaan beekumsa aadaa kana fayyadaman, dhalloonni har’aa akka waan aadaa
boodatti hafaatti harkatti tuffatu. Namni isaan dhageeffatee baruuf tattaafatu hin jiru jechuun ni
danda’ama. Haalli kun immoo akka dhaloonni har’aa seenaafi aadaa hawaasa ofii hin beekne
taasisa. Afwalaloo dikkoo duriif akka madda bashannaanaatti dubartoonni itti gargaaraman.
Akkasumaas dandeettii kalaqa isaanii ittiin gabbifachaa qooda isaanii gumaachaa turan. Yeroo
ammaa garuu sababa ammayyummaa babal’achuu irraa kan ka’e ijoolleen har’aa dandeettii aartii
isaanii dagachuun bashannanaaf wantoota biroo hordofu. Kanaaf sababa kan ta’an raadiyoon
babal’achuu, teeppiin baay’achuufi ijoolleen baay’een mobaayilii fayyadamuudha.
79

Dabalataanis magaalaan babal’achaa dhufuun afwalaloo dikkoo dabalatee aadaa hawaasichaa


irratti dhiibbaa uumuu danda’eera. Akka ragaan mariin argame ibsutti babal’achuu magaalaa
waliin wal qabatee haalli jiruufi jireenya hawaasaa akka jijjiiramu taasiseera. Sababni isaas
magaalaa keessa akka warra baadiyyaatti mooyyeetti midhaan tumuufi daakuu dhagaa irratti
daakuun hin mul’atu. Bakka akaakuun hojii kun hin jirretti afwalaloon dikkoo immoo tajaajila
irra ooluun hin danda’amu.

4.3.3. Ilaalchota Amantii Muslimaa

Amantiin muslimaa gara Baha Oromiyaatiin erga gara biyyaa seenee kaasee aadaafi ogafaan
ummatichaa irratti karaa kallattiifi alkallattiin duula gaggeessaa tureera. Haaluma kanaan aadaafi
jaarmalee Ummata Oromoo kanneen akka Sirna Gadaa diiguudhaan caasaa bulchinsa mataa ofii
diddiriirsuufi dhaabbilee barnoota amantaa iddoo garagaraa keessatti babal’isuun beekumsi gara
aadaan jiru akka dadhabu taasisaa tureera. Ragaaleen yeroo marii irraa argame akka mul’isutti
babal’achuu amantii muslimaa irraa kan ka’e ilaalchi namoonni yeroo har’aa aadaa isaaniifi
ogafaaniif qabu baay’ee gadaanaadha. Sababni isaas ilaalchi namoota amantii muslimaa
hordofan dhimmoota aadaa leellisuu caalaa kan amantii leellisuun bal’inaan waan mul’atuuf
ogafaan irra dhiibbaan gaheera. Ilaalchi gama kanaan jiru namoota waa’ee aadaa leellisuu
barbaadan irratti dhiibbaa guddaa qabaachaa tureera; har’allee geessisaa jira.

Akka ilaalcha namoota amantii barsiisaniitti namoonni aadaa jala deeman wallaalummaa qabu
yookiin karaa dogoggora irra jiran jedhanii yaadu. Yaadni kun beekumsa aadaa irraa argamu
moggatti dhiibuun kan amantii qofa dagaagsuu barbaadu. Kanumarraa kan ka’e yeroo ammaa
kana keessattis namoonni aadaaf xiyyeeffannoo kennan akka deeggarsa hin qabaanne gochuun
ofitti amanamummaa isaaniirratti dhiibbaa taasisaa jiru. Ilaalchi kun immoo hubannoo
dhabuurraa kan madde ta’uu mala. Amantaafi aadaan wantoota walfaallessan osoo hin taane,
dhimmoota waldeeggaraniidha. Garuu karaa alkalattiin ilaalcha amantaa fakkeessuun aadaafi
duudhaa hawaasaa irratti gaaga’amni cimaan akka gahuuf harka lafa jalaatiin irratti hojjetamaa
tureera. Adeemsa akkasii kana keessatti ogafaan miidhaan guddaan irra gahaa jiru keessaa
afwalaloon dikkoo isa tokko. Qorataan wayta ragaalee funaanuuf dirree qorannootti bobba’etti
ilaalchi gama amantaa Muslimaan jiru afwalaloo dikkoo irratti dhiibbaa taasisaa jiraachuu
hubachuun danda’ameera. Ragaaleen ragaahimtoota irraa wayta marii garee taasifame argame
80

akka mul’isutti sababa amatiin yeroo har’aa babal’ateen ijoolleen shamarranii dikkoo barachuu
barbaadan hin jiru.

Akkasumaas, ilaalchi gara amantiin jiru kun dhaloonni har’aa aadaa ofii hordofuu akka dhiisan
taasisuu qofa osoo hin taane, namoota muuxannoo aadaa qabilleen beekumsi isaan gama aadaan
qaban kunneen akka waan bu’aa hin qabneetti ilaalan godheera. Yaada kana wayta marii gareetti
yaada hirmaattotni kaasan irra hubachuun danda’ameera. Yaadni yeroo san kaasan keessaa
muraasni, aadaa hordofuun akka waan yakka ta’eetti ilaaluu, muuxannoon aadaa keessaa argamu
bu’a-qabeessa akka hin taanetti hubachiisuu, aadaa ofii leellisuun akka hawaasa wallaalaa
yookiin hawaasa eenyummaa hin qabneetti akka ilaalametti akka of hubatan taasisuudha.
Haata’uu malee hirmaattota marii garee irraa raga argameen afwalaloon dikkoo gama
hawaasummaa, diinagdee, xiin-sammuufi kkf irratti bu’aa baay’ee qabaachaa turuu isaa
jabeessanii ibsu. Kanaafuu akka yaada isaaniitti afwalaloon dikkoo ilaalcha amantii ilaalcha
dogoggoraa babal’achaa jiruun baduu hin qabu ejjannoo jedhu qabu.

4.4. Haala Itti Fayyadama Afwalaloo Dikkoo Yeroo Ammaa

Ragaalee marii gareefi daawwannaa irraa argameen haalli itti fayyadama afwalaloo dikkoo yeroo
ammaa haala yaachisaa irra jiraachuun hubatamuu dandeera. afwalaloon dikkoo akaakuu
afwalaloo hojii waan ta’eef hojiiwwan dubartootaa waliin hidhata guddaa qaba. Dubartoonni
immoo yeroo har’aa akka durattii san mooyyee tumuufi daakuu harkaan dhaagaa irratti daakuu
dhiisaniiru. Kun immoo carraa dikkoo gargaaramuu irratti dhiibbaa geessisera. Yeroo ragaaleen
qorannoo funaanametti dubartoota umrii dheeraa qaban kanneen duriif yeroo mooyyee tumaniifi
daakuu daakan dikkoo weeddisaa turan yoo ta’e malee, dubartoonni ammaa dikkoo sirbuu hin
beekan.

Afwalaloon dikkoo akka dubartoonni walitti dhiyaatan waan godhuuf, dikkoon jiraachuu
dhabuun immoo walitti dhufeenya dubartootaa irratti dhiibbaa qabaachuu ragaa marii garee irraa
mirkaneeffachuun danda’ameera. Akka ragaa himtoonni jedhanitti dur yeroo mooyyee tumaniifi
daakuu dhagaarratti daakan irra baay’ee iddoo tokkotti walbira fidachuun dikkoo weeddisaa wal
bohaarsaa hojjetu. Sababni isaas hojiin hojjetamu kunneen dadhabsiisaa waan ta’eef yeroo
kophaa kophatti hojjetan nuffisiisuu waan danda’uufi. Akkasumaas adeemsi kun isaan dura
81

dubartoonni durii itti gargaaramaa turan waan ta’eef akka aadaa hawaasichaatti kan
ilaalamuudha.

Ragaalee marii irraa argame akka ibsutti dubartoonni dikkoo gargaaramaa waliin hojjechaa
turuun isaanii waa baay’eef bu’aa akka qabaachaa ture ibsa. Akka ragaa himtooni jedhanitti dur
yeroo waliin mooyyee tumaniifi daakuu daakan jaalalti hiriyummaa, walhubannaaniifi hariiroon
gaariin jiraachuu himu. Walitti dhufeenyi isaanii kun rakkoo gama diinagdeen jiru irratti wal
akka tumsaan turan himu. Waliin waan hojjetaniif eenyuutu rakkina midhaanii manaa qaba kan
jedhu wal beeku; isheen rakkina qabduus osoo hin qaanfanne rakkina ishee ibsachuun liqii
yookiin kennaa hiriyoota ishee irraa argatti. Adeemsa kana keessatti hiccitii walii dhoksuun akka
miirri walii eegamu taasisuu turan. Har’a garuu hojiin mooyyee tumuufi daakuu daakuu
dhiifamaa dhufuu irraa kan ka’e itti fayyadamni dikkoos dagatamaa dhufeera. Kun immoo walitti
dhufeenya dubartootaa irratti dhiibbaa uumee jira. Ragaa marii gareen argamerraa hubachuun
kan danda’ame walitti dhufeenyi dubartootaa yeroo ammaa akka dur san ka hiriyummaa gaarii,
wal hubannoofi tokkummaa irratti ijaarame hin jiru. Akka dur san dubartoonni har’aa waliin
nyaachuun, waan qaban irraa waliif qooduun, wal deeggaruufi hawaasummaan gaarii akka hin
jirre ragaa marii garee irraa hubachuun danda’ameera. Kun immoo kan mul’isu namoomaaf
bakki kennamaa jiru gad aanaa ta’uu isaati.
82

5. CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO

Boqonnaa kana jalatti kan dhiyaatu cuunfaa qorannichaa gabaabinaan, argannoo qorannoon bira
gahameefi yaboo haala hojiirra olmaa qorannoo kan ibsuudha.

5.1. Cuunfaa

Qorannoon kun mata-duree “Qaacceessa Qabiyyee Afwalaloo Dikkoo: Godina Harargee Bahaa
Aanaa Gurawaa jedhu irratti kan xiyyeeffateedha. Ka’umsi qorannoo kanaa afwalaloon iddoo
tajaajilaa jiraachuu dhabuu irraa kan ka’e dagatamaa jiraachuu isheeti. Haalli turtii yeroo keessa
akka hirraanfatamu gochuu waan danda’uuf qorannoon mata duree kana irratti akka taasisuuf
qorataa kakaase. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa afwalaloo dikkoo qabiyyeewwan ijoo ta’an
qoqqooduun xiinxaluudha. Barbaachisummaan qorannoo kanaa immoo dubartootaa waa’ee
afwalaloo dikkoo hinbeekneef maalummaa dikkoofi muuxannoo ishee keessa jiru jireenya ofii
keessatti akka fayyadaman taasisa.

Qorannoo kun yaadiddamoota fookloorii keessaa yaadiddama faayideessummaafi yaadiddama


haala galumsaa hordofee kan adeemsifameedha. Yaadiddamni faayideessummaa faayidaa
gooroon ogafaanii hawaasa keessatti kennu irratti hundaa’uun maalummaafi hiika gooroo
afaanichaatti kennuuf kallattii qorannoo kan namatti agarsiisuudha. Yaadiddamni qorannoo haala
galumsaa immoo kan irratti xiyyeeffatu, qorannoo gooroo ogafaanii taasisuuf haala qabatamaa
galumsa hawaasichaa keessatti qorachuu kan jedhuudha.

Wixineen qorannoo kanaa wixinee qorannoo akkamtaati.Maddi ragaalee qorannoon kun


fayyadame madda ragaa tokkoffaati. Akkasumaas iddattoon qorannoo kanaa kan ta’an
manguddoota dubartootaa beekumsa afwalaloo dikkoo qabaniidha. Malli iddatteessuu qorannichi
gargaarame akaakuu mala iddatteessuu miti-carraa kan mala iddatteessuu akkayyoofi mala
iddatteessuu darbadabarsaati. Malleen funaansa ragaalee qorannoon kun fayyadame afgaaffii,
marii garee xiyyeeffannoofi daawwannaadha.Malli xiinxala ragaalee qorannoo kanaa
immoomala qaaccessa qabiyyee ta’ee qabiyyee ijoo ta’anitti qooduun xiinxaluudha.
83

Ragaalee qaacceffamaniin afwalaloon dikkoo qabiyyeewwan ijoo ta’anitti qoodamuun


qaacceffamaniiru. Qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo kunneenis jaalalaa, arrabsoo, balaaleffannaa
gowwaa, ibsa waliin jireenyaa, hariiroo hawaasummaa, daa’immaniin faarsuu, miira keessoo ofii
ibsachuu, qeeqaafi kan birootti qooduun ni danda’ameera. Akksumaas afwalaloon dikkoo
hawaas-diinagdee dubartootaa keessatti faayidaa garagaraa qaba. Isaaniis hawaasummaa
dubartootaa cimsuufi gama diinagdeen dubartoonni jireenya isaanii akka injifatan taasisuudha.

Haata’uu malee yeroo ammaa keessa sababoota garagaraa irraa kan ka’e afwalaloon dikkoo
irratti dhiibbaan dhaqabaa jira. Wantoota afwalaloo dikkoo irratti dhiibbaa geessisaa jiran
ammayyummaa hordofuufi magaalaan babal’achuu, jijjiiramaa dhufuu haala jiruufi jireenya
hawaasaafi ilaalcha gara namoota amantii muslimaa barsiisaniin jiru. dhuma irratti afwalaloon
dikkoo yeroo ammaa kana hawwasa keessatti tajaajilaa kan hin jirre ta’uun ibsameera. Kun
immoo afwalaloon dikkoofi muuxannoon dubartoonni dikkootti gargaaramuun akka waliigalaatti
horatan adeemsa kanaan baduu danda’a.

5.2. Argannoo

Argannoowwan qorannoo kanaa kaayyoolee gooree qorannoo waliin walsimsiisuun akka armaan
gdii kanatti dhihaateera.
 Afwalaloowwan dikkoo qabiyyeewwan kaneen akka balaaleffannaa gowwaa, arrabsoo,
mufannaa ibsachuuf, addaan fageenya, jaalala hiriyaa, hariiroo hawaasummaa, miira ofii
ibsachu, maalummaa dikkoo ibsu, waliin jireenyaafi daa’ima faarsuu…kkf ibsachuuf
dubartoonni itti gargaaramu..
 Afwalaloon dikkoo yeroo hojii gargaaramuun dubartootaa faayidaalee gama
hawaasummaafi xiinsammuutiin hariiroo hiriyummaa ibsuuf, aadaa waliin hojjechuu
dubartootaa jajjabeessuuf, hariiroonfi gamtooma dubartootaa cimsuufi rakkoowwan gama
diinagdeen mudachuu malanirratti walgargaaruun dubartootni tola-ooltummaafi miira
waliif yaaduu akka qabaatan kan taasisaniidha.
 Afwalaloon dikkoo dhimmoota aartii waliin walqabatee dandeettii kalaqa artii dubartootaa
cimsuu keessatti gama hurruubbii, miidhaginni sagalee, filannoon jechootaafi …kkf irraa
muuxannoo horatanii dandeettii ofii akka itti cimsatan ni gargaara. Dandeettii artii
afwalaloo dikkootiin ergaa dabarsuu keessatti dubartoonni afwalaloo hawaasa keessaa
84

dhaalan yeroo ofii isaanii irradeebiin weeddisuufi dandeettii kalaqa waanuma jedhame irra
deebi’anii jechuu qofa osoo hin taane, muuxannoo ofii itti dabalanii kan ittiin of
ibsaniidha.
 Afwalaloo dikkoo irratti kanneen dhiibbaa geessisaa jiran keessaa ijoo kanneen ta’an
haalli jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiramaa dhufuu, fedhii ammayummaa hordofuuf jiruufi
magaalaan babal’achuufi ilaalcha gara amantiitiin jiruudha.
 Dhuma irratti afwalaloon dikkoo yeeroo ammaa kana keessa tajaajia kennaa jiraachuu
dhabuu ishee ragaalee qaacceffameen beekuun danda’ameera. Kunis kan ta’eef hojiin
dikkoo waliin walitti hidhata qaban yeroo har’aa keessa dhiifamaa dhufuu isaatirra akka
ta’e hubachuun danda’ameera. Haalli kun immoo afwalaloo dikkoo dhalootarraa
dhalootatti daddarbaa as gahe kun akka dagatamu gochuu danda’a.

5.3. Yaboo

Argannoowwan qorannoo irratti hundaa’uun yaadi furmaataa akkaataa armaan gadii kanatti
dhihaateera.

Argannoo qorannoo irraa hubachuun akka danda’attiafwalaloon dikkoo akaakuu afwalaloo hojii
kan dubartootaa ta’ee dhimmoota garagaraaittiin ibsachaa kan turaniidha. Argannoon qorannoo
kana keessatti qabiyyeen afwalaloo dikkoo: jaalala hiriyaa, balaaleffannaa gowwaa, addaan
fageenya, hariiroo hawaasummaa, waliin jireenya, hawwii, mufannaa, arrabsoo, daa’ima
faarsuufi…kkf akka ta’e ibsameera. Dhimmoonni afwalaloo dikkoo keessatti dubartoonni kaasan
kunneen haala waliigala jiruufi jireenya dubartootaa kan calaqqisan waan ta’eef muuxannoofi
beekumsa xabboo kan of keessaa qabuudha. Kanaafuu, qabiyyeewan afwaloo dikkoo irraa
dhaloonni har’aa akka baratuuf qabiyyeewwan afwalaloo dikkoo irratti hojii bal’aa hojjetamuu
qaba.

Afwalaloon dikkoo hiriyummaa dubartootaafi hawaas-diinagdee dubartootaa keessatti gahee


olaanaa qabaachaa waan turteef, faayidaan dikkoo waan salphatti ilaalamuu miti. Afwalaloon
dikkoo irraa muuxannoo argataniin ijoolleen shamarranii har’a jiruufi jireenya isaanii keessatti
rakkoowwan gama xinsammuuu, hawaasummaa, dinagdeefi tokkummaan isaan mudatuu maluuf
fala argachuu ni danda’u. Kana waan ta’eef faydiyaa afwalaloo dikkoo hubatanii shamarran
85

har’aa muuxannoo dikkoo irraa akka barachuu danda’an gochuuf dubartootaa dikkoo irratti
muuxannoo qabaniifi biiroo aadaafi turizimii dabalatee namootni quuqama aadaa hawaasaa
qaban irratti hojjechuun murteessaadha.

Afwalaloon dikkoo sababoota garagaraa irraa kan ka’e hawaasa keessatti tajaajilaa hin jiru.
sababoota kanneen keessaa tokkko hojiin mooyyee tumuufi daakuu dhagaa irratti daakuu kan dur
dubartootaan hojjetamu yeroo har’aa hafaa dhufuu isaati. Dikkoo weedduu yeroo hojii kanneen
hojjetan kan weeddifamu waan ta’eef hojiin kun hafaa dhufuun dikkoon dagatamaa akka
deemuuf sababa ta’eera. Kanaafuu dikkoon dagatamee akka hin hafneef haala itti fufinsaan
dhalootarraa dhalootatti itti dabruu danda’u mijjeessuun dirqama ta’a. Innis haaluma jiruufi
jireenyi hawaasaa jijjiiramaa dhufuun hojiiwwan yeroo ammaa dubartoonni hojjetan kan biroo
waliin walqabsiisuun dikkoon akka turu gochuun ni danda’ama.

Walumaagalatti afwalaloo dikkoo deebisanii akka tajaajilu gochuu keessatti xiyyeeffannoon


qaamota garagaraa irraa kennamuuf qaba. Akkasumaas dhiibbaa gara ammayyummaa hordofuufi
amantii muslimaa irraa dikkoo irra gahaa jiru hambisuuf hubannoo kennun barbaachisaadha.
Keessattuu barbaachisummaa afwalaloo irratti namoonni baratan ilaalchota dogoggraa karaa
garagaraa calaqqisan irratti hubannaa kennuun dirqama seenaa qabu. Akkasumaas namoonni
gara fuulduraatti waa’ee aadaa irratti qorannoo gochuu barbaadan xiyyeeffannoo isaanii
afwalaloo dikkoo irratti yoo godhata gaarii ta’a. Gama kootiin gara fuula duraatti afwalaloo
dikkoo irratti daangaa qorannoo koo bal’isuun qorannoo taasisuufhawwii guddaa qabaachuu koo
ibsuun fedha. Akkasumaas afwalaloon dikkoo hawaasa keessaa funaanuun haala raawwii ishee
waliin ol kaa’uun dhaloonni har’aa akka irraa baratu taasisuuffedha qaba.
86

WABIILEE
Abrahams, M. H. 1999. Glossary of Literary Terms (7thedition).Boston:EarlMCMeek.
Abraham, R. and Foss,G. 1968. Anglo-American Folksong Style. Englewood Cliffs, N.J: Printice-
Hall.
Ahmed Dedo. 2010. “Image of Women in Selected Oromo Folktales, Folksongs and Proverbswith
Particular Reference to East Arsi Zone”. MA Thesis, AAU (Unpublished)
Asafaa Tafarraa.2006. Anaan'yaa: Kitaaba Walaloo Maxxansa lammaffaa. Finfinnee: Biraannaa
Enterprise
________.2009. Eela:Seenaa Oguma Oromoo. FarEast TradingPLC:Finfinne.
_________.2015.“Ethnography of Resistance Poetics: Power and Authority in Salale Oromo Folklore
and Resistance Culture,” PhD Dissertation, Indiana University.
Bascom, W.1965. Four Functions of Folklore. in Dundes, A. (ed.) The Study of Folklore. Chicago:
The University of Chicago Press
Beakal Nigussie.2010. “The Social Function of Amharic Folk Poetry with Reference To Shänäccin
Rayya Qobbo.” MA Thesis, Addis Ababa University. (unpublished).
B.A.T.O. 1999. Wiirtuu Jildii-8. Barruulee Waaltina Afaan Oromoo: Finfinnee
Creswel,J,W.2009. Planning, Conducting, and Evaluating Qualitative and Quantitative Research
(4thed) Thousand Oaks, CA: Sage
_________. 2012.Educatiional Research. Planning, Conducting, and Evaluating Quantitative and
Qualitative (4thed Research)
_________. 2013. Qualitative Inquiry & Research Design(3rded): University of Nebraska, Lincoln.
Darajjee Geetuu. 2018. “Tajaajila Hiroo Hawaas-Diinagdee Keessatti: Godina Horroo Guduruu
Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannat.” Waraqaa qorannoo digrii 2ffaa (Kan hinmaxxanfamin).
Denscombe, M. 2007. The good research guide for smallscale social research project. 3rded. Open
University Press.
Dorson, M. 1972. Folklore and Folklife. AnIntroduction. Chicago: Chicago University Press.
Dundes, Alan. 1965. The Study of Folklore. London: Prentice-HallInc., Englewood ClifsN.J
Eshete Gemeda. 2007. “African Societies and Egalitarian Values: Oromo Folk literature and Cultural
studies in Contemporary Context.” MA Thesis, Addis Ababa University (Unpublished).
Fedhasaa Taaddasaa.2013. Subii: Bu’uuraalee Ogbarruu Oromoo. Finfinnee:Subii P.Press.
Filee Jaallataa. 2016. Beekumtaa Oromoo (Oromo Folklore). Finfinnee: Mana MaxxansaRaajii.
_________.2019.Malleen Qorannoo (Research methodology and Methods): Mana Maxxansa ADP
(ADP printing press).
Finnegan, Ruth.1970.Folklore in Afrika.Oxford University press.Great Britain.
__________.1977. Oral Poetry: Its nature, significance, and social context. Cambridge: Cambridge
University press
__________.2012. Oral Literature in Africa. Cambaridge,UK: Open Book Publishers,
Focucci, S.L. 1984. A Folksong History of America. Englewood Cliffs, NJ: Prentice- Holl.
Geetaachoo Dhugaasaa.2018. “Qaaccessa Faaruu Waaqeffannaa: Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa
Sooddoo Daaccii.” Waraqaa qorannoo didrii 2ffaa, Yuunivarsii Haramaayaatti kan dhiyaate.
(kan hinmaxxanfamin).
Hinseenee Makuriyaa. 2010. Gaachana Kormaa. Addis Ababa, Ethiopia.
Imaanaa Bayyanaa. 2007. “Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Amantii Duudhaa Waaqeffannaa Oromoo
Shawaa”: Waraqaa qorannoo digirii 2ffaa Yuunivarsiitii Finfinneetti kan dhiyaate (Kan hin
maxxanfamiin)
Jeylan W.2005. “The Function of African Oral Arts: The Arsi Oromo oral arts in Focus.African study
Monographs”, 26(1) Pp.15-58. (unpublished).
Kotheri, C.R. 2004. Research Methodology. Methods and Techniques, 2nd(ed) India: New Age
87

Leila Qashu.2016. “Toward an Understanding of Justice, Belief, and Women’s Rights: Ateetee, an
Arsi Oromo Women’s Sung Dispute Resolution Process in Ethiopia.” PhD Dissertation,
Memorial University of Newfoundland (unpublished)
Macro.Fazzini.20014. Oral Poetry and Performance in Black Culture. The case of two
Contemporary artists: Tracie Morris and Jean “Binta” Breeze.
Mekuria Bulcha 1994. The Language Policies of Ethiopian Regimes and the History of Afaan
Oromo: 1844-1994, in: Journal of Oromo Studies, 2, 91-115.
Mamo M. and Tesfaye G/mariam.2018. Barruulee Gadaa. Inter-performer Communicatio Cues in
Folksongs Performance:The Foollee Songs of Tuulamaa a Bilingua Journal of Institute of
Oromoo Studies (IOS) Jimma U Vol. 1 No.1 pp931-05.
Okopewho, I. 1992. African Oral Literature: Backgrounds, Characteristics and Continuity
Bloomingotn and Indian University Press.
Sims, M. & Stephen. 2005. Living Folklore. An introduction to the Study of People and Their
Traditions: Utah State, Utah State University.
Taaddalaa Olaanaa.2016. “Qaaccessa Weedduu Lakkoo: Haala Oromoo Gaamoo Godina Harargee
Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa.” Waraqaa qorannoo Digrii 2ffaa, Y.Finfinneef kan dhiyaate
(kan hin maxxanfamin).
Tadesse Jaleta. 2004.A Contextual Study of Guji-Oromo Proverbs: Functions in Focus, MA Thesis.
AAU: (Unpublished)
Thomas A.Green.1997. Foklore. an encyclopedia of beliefs, customs, tales, music ,and art. Santa
Barbara, California, United State
Wanyama,M N.2005. Form And Content Of African Music: A Case Study Of Bukusu Circumcision
Music, PhD Dissertation, Pretoria: University of Pretoria.
“https://www.en.wikipedia.org/w/index.php?title=AfricanAmerican_Women_Work_Songs&oldid=
6079776
88

DABALEEWWAN
Dabalee A
YUUNIVARSIITI HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OAROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Sagantaa Barnoota Digrii Lammaffaa
Maqaa Manguddoota afgaaffiifi marii gareen ragaalee qorannoo Kennan.
Lakk. Maqaa Guutuu Umrii Gahee hojii Ganda Guyyaa
1 Shamshii Haasoo Dabbihoo 68 Qonnaan bulaa Aannaa 23/2/12

2 Hindiyyaa Ahmad 55 Qonnaan bulaa Warabboo 23/2/12


3 Raaziyaa Abroo 48 Qonnaan bulaa Mutuluu 26/11/11
4 Nuuriyaa Ahmad 75 Qonnaan bulaa Sukee 26/11/11

5 Jooraa Umar 72 Qonnaan bulaa Warabboo 28/11/11


6 Kadiyyaa Muummad 65 Qonnaan bulaa Eree 28/11/11
7 Halimaa Xaahir Ahmad 57 Qonnaan bulaa Warabboo 26/11/11

8 Kadiyaa Siraaj 58 Qonnaan bulaa Warabboo 22/2/12


9 Meeymunaa Umar Alii 85 Qonnaan bulaa Galmoo 22/2/12
10 Aliyaa Siraaj Saddiiq 62 Qonnaan bulaa Warabboo 22/2/12
11 Faaxumaa Jaaloo 47 Qonnaan bulaa Galmoo 12/2/12
12 Faaxumaa Damiinaa 42 Qonnaan bulaa Xarasoo 12/2/12
13 Qamaraa Muummee 58 Qonnaan bulaa Warabboo 26/11/11
14 Jooraa Muummee 53 Qonnaan bulaa Eree 23/2/12
15 Faaxuma Muussaa 64 Qonnaan bulaa Eree 23/2/12
16 Shurrubbee ahmed 42 Qonnaan bulaa Goonaa 24/12/12
89

Dabalee B
YUUNIVARSIITI HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Qorannoo Itti Guutinsa Digrii Lammaffaa Barnoota Afaan Oromoo Irratti Gaggeessuuf
Gaaffilee Afgaaffii Manguddoota Ragaa Himtootaaf Hidhaatan
Hunda dura qorannoo waa’ee dikkoo irratti taasifamu kanaaf ragaalee kennuuf hayyamoo ta’uu
keessaniif guddiseen isin galatoomfadha. Ragaaleen isin kennitan galma’insa qorannoo kanaaf
murteessaa waan ta’eef hamma danda’ametti ragaalee qatamaa ta’e kennuuf yaalaa
Maqaa_________________________________Umrii ________Araddaafi Ganda________
Guyyaa afgaaffiin itti gaggeeffamee___________ hamma turtii daqiiqaan_______________
1. Dikkoon maaali? Dubartoonni dhimmoota akkamii dikkoo keessatti ibsu? Mee yaada irratti kennaa
2. Weedduuwwan dikkoo yeroo hojii mooyyee tumtanifi daakuu daaktan jechaa turtan keessaa kan
yaadattu naaf jechuu dandeessaa?
3. Yeroo hojiitti dubartoonni fayyadamuun isaaniif faayidaalee akkamii argarmsiisa jettee yaadda
4. Weedduu dikkoo weeddisaa hojii hojjechuun faayidaa akkamii fa’a qaba jettee yaadda?
5. Yeroo mooyyee tumtuufi daakuu daaktu weedduu dikkoo fayyadamuun kee maal si fayyade?
6. Beekumsa dikkoo qabdu kana eenyurraa baratte? Akkamitti baratte?
7. Weedduu dikkoo beekuun kee dubartoota dikkoo beekne irraa maaliin adda si taasise?
8. Weedduun dikkoo hiriyummaa dubartootaa cimsuu keessatti qooda akkam qaba jettee yaadda?
9. Gamtaan hojjechuu keessatti gaheen weedduu dikkoo akkamiin ibsama?
10. Weedduu dikkoo irratti wantoonni dhiibbaa geessisaa jiran maal maal fa’a sitti fakkaata?
11. Itti fayyadamni weedduu dikkoo yeroo ammaa fakkaata?
90

Dabalee C
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Qorannoo Itti Guutinsa Digrii Lammaffaa Barnoota Afaan Oromoo Irratti Gaggeessuuf
Cheekliistii yeroo daawwannaa
Haala galumsa qabatamaaafwalaloo dikkoo keessatti tajaajila kennutti qaamaan argamuun
daawwannaa yeroo taasifamutti. Cheeklistii wantoota daawwatamuu qabu kan agarsiisu:
1. Haala qabatamaa hojiirra oolmaa afwalaloo dikkoo yeroo dubartoonni hojii mooyyee tumaniifi
daakuu daakan maal akka fakkaatu
2. Hurruubummaa afwalaloo dikkoo yeroo hojii maal fakkaata?
3. Garaagarummaa afwalaloo dikkoo yeroo mooyyee tumaniifi daakuu daakan jidduu haala qabatamaa
keessatti daawwachuu
4. Meeshaalee aadaa hojiiwwan dubartootaa kanaaf barbaachisan maal fa’a akka ta’e daawwachuu
5. Miirri dubartootaa yeroo weedduu dikkoo gargaaramaa hojjetan maal akka fakkaatu daawwachuu
6. Tokkummaafi miira hiriyummaa dubartoota jiddutti uumuu weedduu dikkoo haala qabatamaa
keessatti daawwachuu
7. Afwalaloo dikkoo dubartoonni akka dadhabbiin itti hin dhagamne gochuu keessatti haala
qabatamaarraa hubachuuf daawwachuu
8. Hojiiwwan isaanii yeroon raawwachuu keessatti qoonni dikkoo maal akka ta’e hubachuu
91

Dabalee D
YUUNIVARSIITIHARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Afwalaloowwan Afgaaffiifi Marii Gareen Funaanaman. Afwalaloowwan afgaaffiifi marii gareen
funaaname hamma kana qofa osoo hin taane baay’eetu jira. Afwalaloon yeroo walitti qabamu
waraabbii sagaleefi viidiyoon kan olkaa’aman waan ta’eef baay’een isaanii bifa barreeffamaan
hinkaa’mne.
1. Saani adiin faayaa
Galu mooraa ibsa
Ati faaya kiyyaa
Maalinan si ibsaa
2. Muuza awwaareedhaa
Qilleensatu dhodhoosaa
Waan akka jaalalaa
Garaa nama roraasaa
3. Qooshamii qooshamii,
Qooshaa beerri daaktuu,
Qoomanii goomanii
Doofaa dubraa nyaatuu
4. Dunfuree niin haadee
Bisileen haa mayruu
Bisileen akka keetii
Barbaadeetuu ayru
5. Soogiddaan dallaalaa
Buqqee qaawa oolchii
Siin heeruma je’ii
Gowwaa qe’ee oolchii
6. Gaara kana gubbaa,
Citaan birkii birkii.
Maaljeettee natti dhaamtee,
Wanni cittoon milkii.
7. Dunfuree Iyaasuu
92

Filaan keessa loohaa


Dunfuree doofaa
Tiitissi irraa goohaa
Dunfuree iyaasuu
Gubbaarra qeeranii
Naafii iyaasuun sunuu
Ilmaan adeerranii
8. Amartiin quba koo
Tan quba kee hintaanee
Meeta jaala koo
Simalee naa hin taanee
9. Jiboonni wal a’e
koottu abbaa jibootaa
Eessaa as dhaabbatta
Yaa zangii silootaa
10. Gaara kana gubbaa,
Citaan birkii birkii.
Maaljeettee natti dhaamtee,
Wanni cittoon milkii.
11. Jaldo muyraa fuudhee
Bitattiin okkolee
Yoo wayyaan heerumte
Eenyuttiin ol goree.
12. Qacaaciluu qaccee
Lookoo mormo lootii
Takkuma naan kofli
Kaarruu aanan loonii
13. Anniyyi torbumaa
Meettaan saddeetumaa
Kudha lamaan Alaa
Jiraan abbeetumaa.
14. Ibiddaan bobeessaa
93

Daaraan barbadeessaa
Hixrii dhumii hin qabne
Tan ruuzaan wal keesaa.
15. Jiini guddaan seenee
Buusan urjii malee
Eenyuu si fakkaataa
Mootii Turkii malee
16. Qacaaciluu qaccee
Yaa filaa dardaraa
Aayyoon dubra hin qabduu
Galuufiin jarjaraa
17. Silaa lagaan dhaqaa
Laga karaa hin beekuu
Silaa dubraan faarsaa
Dubra maqaa beekuu
Taniin maqaa beekuus
Obboleeysa hin beekuu
18. Dorrobaan muummichaaa
Bunaan cabsee mitii
Waan kabajaa dhabaa
Siin arrabsee mitii.
19. Saakayyoo naa murii
Ta dhaabbannoo taatuu
Takkuma naan koflii
Ta dhaammannoo taatuu.
20. Urruubsuu ni beeytaa
Numa walaawwaltaa
Wanniin sirraa jibbe
Numa alaanalta.
21. Dukkaniitii lafaa
Numa dukkaneessee
Dukkanooytee teeysaa
94

Waan naan oodduun seehee


22. Aalaa ooyruu teenyaa
Haamii na haamsisi
Yoon si malee kofle
Waasii na waamsisi.
23. Aabboon na kabalee
Karra na ceesisee
Quduraa jaalalaa
Suuma na feesisee
24. Aabboon gabaabaadhaa
Darban malee hin kufuu
Anuu shanyiin isaa
Yaamaan malee hin dhufuu
25. Eeysuman koo beeytaa
Kan jiraa Gutayyuu
Waan na goote beeytaa
Hangaan jiru hin fayyuu.
26. Eeysumman koo raamaa
Eenyumaa naa yaamaa
Eeysuma koo yoon je’e
Owwi narraa dhaamaa.
27. Aabboon kiyya sheekaa
Salaata hinqadeessuu
Du’a Rabbii malee
Addaan nu hin fageessuu.
28. Gobeensi waa hin dhaluu
Baala dayla galchaa
Dhamsaan si hin dhaqqabuu
Waraqataan galchaa.
29. Fadisiifi Bokkoo
Amna guyyaa tokkoo
Eenyuttiin si dhaamaa
95

Eega Rabbi tokkoo.


30. Aalaa nyaattu nyaadhu
Aaloo hin tuttufinii
Kan jaalatte jaaladhu
Amba hin tuttuqinii
31. Adareen ta Raasii
Biyyoon ta ilma Raasii
Dirree wayyaan hinjirre
Duniyaan bilaashii
32. Hellee dhooytuu
Durii bartuu ta hin seehinii
Oromoofii dhaladhee
Galtee na hin seehinii
33. Gobeellerraan deemaa
Dheebuu na yaadinii
Leeylii citteen deemaa
Sareen na nyaatinii
Sareen na haa nyaattuu
Muyeen na baaninii
34. Gobeelleen si buusaa
Bubbee buutu beekii
Asihiin si faarsaa
Haxxisoon na beekii
35. Qalamshiisha boolloo
Shafii gad daboolloo
Dhabdu hin barbaadinii
Duutu hin awwaalinii
Shanyii warra Gaalloo
36. Muka gaara kanaa
Gaalleen daddabduudhaa
Dila joollee keeysaa
Sumaa na jabduudhaa
96

37. Armaan gadiin dirree


Dirree mukni hin jirree
Muka maaltu hin jirree
Qaadhimaatu hin jirree
38. Burtukaanni Mojoo
Tokkumaatu qarshiidhaa
Tolchee si uummatee
Maleeykaan Arshiidhaa
39. Koottu koottu jettee
Mee na hin yayyaaminii
Jiraadhu niin dhufaa
Duuti na hin saaminii
40. Anniyyattiin dhaladhee
Mayyuttiin guddadhee
Jaalalaa jibbanna
Eenyuttiin dubbadhee
41. Guftaa ni guftattaa
Ni uffattaa mitii
Aaddeen qixxee teetii
Ni tuffataa mitii.
42. Anniyyaa loon qabaa
Loontu jabbii qabaa
Qarxaasa hin moofoyne
Siitu harkaa qabaa
43. Harki tokko gumeedhaa
Tokko fokkisaadhaa
Ati eessaa baate
Tarree gombisaadhaa
44. Barbareen Amaaraa
Diimatte akka foonii
Gadheen wallee hin beekne
Gadoodde akka loonii
97

45. Ees qamadii qonnee


Daay tokkollee taatu
Harka walii nyaannee
Guy tokkollee taatuu
46. Baddeessaa lagarraa
Qallaa laga gamaa
Qalloo akka qalamaa
Mormi taakkuu lamaa
47. Dubara yaa dubroo
Kan bantiin rukutaa
Alaa siin dubbataa
Kan tamboo sugudaa
Jalaa hindubbatin
Hadaraa Nugusaa
48. Yoggaa jiini hin jirre
Urjii takkaa ibsaa
Leeylii kutii koottu
Lubbuu Rabii tiysaa.
49. Ashiitaan ashiittee
Ta iddoo abbeetii
Qilleensaa natti fidee
Shittoo morma keetii.
50. Geeyle gubbaa roobee
Jalaala roobuu didee
Imimmaan jaalalaa
Narraa qooruu didee.
51. Dukkanan duulanii
Ji’a baafatanii
Dubbii nama dhibde
Amba gaafatanii.
52. Ani looniin tiysaa
Loon loonirraa maysii
98

Kee gororri deymaa


Harkarratti naa baysii.
53. Re’een teenya baddeee
Qaxammee jalattii
Qarxam nahaa godhuu
Morma kee jalattii.
54. Akkanan dhaammannee
Tana hin imaammannee
Imaanattii golaa
Maal walidhaammannee?
55. Saakayyoon baalumaa
Muratan maalumaa
Shanii maqaan beeyne
Gaafatan maalumaa.
56. Keenyattiin gufadhee
Keeysan geenyaan kufee
Duriin dhufaa mitii
Si dhageenyaan dhufee.
57. Hugguu gamaa bu’uu
Kutaa walaq godhee
Hogguu mooraa seenu
Kuffii qaxax godhee
Yogguu booroo kutu
Birrii shakam godhe
58. Dhagaa naa kaayaadhaa,
Dikkoo sirbuu hin beekuu,
Dubroo naa yaamaadhaa
99

Dabalee E

Fakkii 4. Suuraa hirmaattota afgaaffii irratti hirmaatan agarsiisu 3/12/2020. (ganda Eree)

Fakkii:5 Suuraa yeroo hirmaattonni marii garee irratti hirmaatan mul’isu 26/11/2011 (ganda
Birbirsaa
100

Dabalee F

HIIKA JECHOOTAA

Aalaa - jirma bishingaa dhama gaarii qabu.


Ganaanuu -adeemsa daakuu bishaan ho’aan jiisuu
Hamartii - qubeelaa
Hashara - qola yookiin golga midhaanii
Huffee - gammoojjii.
Iissa - gosa Somaalee daangaa Dirree Dhawaa jiraatuudha
Kulkultaa -callee mormaa kan dubartii
Kurkuu - caccabsuu ykn bulleessuu,
Minaamminoo-akaakuu midhaan mi’eessituu
Mooyyee - mooyyee
Qab-jalaa- dubartootaa jalaa cooran
Qooshaa- daakuu buddeena irraa tolchuuf bishaaniin jiisan
Taguuga- tagoogoo
Toomaa - kan mooyyee ittiin tuman.
Weedbaasa – dubartii dikkoo warra biroof jettu; afoolee
Wakkallee – gosa bineensaa naacha fakkaattu, garuu akka naachaa kan nama hinmiine
Wullee- majii

You might also like