You are on page 1of 28

Geejjibafi Seera Tiraafikaa

Afaan Oromoo

Kutaa 4

Leveled
Kitaabni deggarsaa kun gargaarsa maallaqaa ‘USAID’ irraa
argameen Dhabbata ‘Save the Children’ fi Biiroo Barnoota
Oromiyaa Wajjin qophaa’ee kan maxxanfamedha.

Bara 2009/2017

The CC By license lets others distribute, adjust, and build


upon this work, for free or commercially, as long as credit is
given to the original creation. However, any changes from
the original must be indicated.

For more info please refer: https://creativecommons.org/licenses/


Yaadannoo gabaabaa maatiifi barsiistotaaf
 Yaadannoon kun akkaataa ati barreeffama kitaaba
dabalataa kanarraatti dhiyaate barattoota kee ittiin
dubbisuu shaakalsiistu siif dhiyaate.

 Osoo gara dubbisaa hinseenin dura gaaffiilee dubbisa


duraa akka barattoonni irraatti mari’atan taasisi.
Kanaanis yaada isaanii gara mata duree dubbisichaatti
akka fidatan, muuxannoo isaaniis akka walyaadachiisan
taasisi.

 Itti aansuun, barattoota rakkoo dubbisuu qabaniif


gargaarsa taasisuun akka isaan dubbisan taasisi.

 Dhumarratti, gaaffiilee dubbisuun boodaa akka isaan


hojjetan taasisi. Haala kanaanis dubbisanii ergaa
barreeffamichaa akka hubataniifi akka madaalan
taasisi.
Gaaffilee Dubbisuun Duraa

1. Geejjibni tajaajla maalii kenna?

2. Fakkii fuula tokkorra jirurraa maal hubatta?

3. Akaakuun Geejjibaa maal faadha?


Boqonnaa 1: Geejjiba

Sirna misoomaafi guddina biyya tokkoo keessatti


tajaajilli geejjibaa akka mul’iftuufi bu’uura
misoomaafi dagaaginaatti fudhatamuu danda’a.
Biyya tokko keessatti dameen geejjibaa akka hidda
dhiigaa qaama namaatti ilaalama. Meeshaalees
ta’an, namoota geejjibsiisuuf jiraachuun
akaakuu geejjibaa adda addaa murteessaadha.
Akkuma qaroominni dhala namaa, saayinsiifi
teeknoolojiin ammayyaa dabalaa deemeen,
akaakuu, kalaqqiifi itti fayyadama geejjibaa
dabalaa deema. Akaakuuwwan geejjibaa kana
akka tajaajila isaaniitti bakka saditti hirree ilaaluu
dandeenya. Isaanis tajaajila geejjiba lafarraa, kan
bishaanirraafi kan qilleensarraa jechuun qooduu
dandeenya.
1
Karaa gara biraa immoo, akaakuuwwan geejjibaa
kunniin bakka lamatti qoodamuu danda’u. Isaanis
kan ammayyaafi kan aadaa jedhamuun hiramuu
danda’u. Qaroominni akka ammaa guddatee
sadarkaa olaanaarra utuu hinga’iin, geejjibni
aadaa iddoo guddaa qaba ture. Fe’isa garagaraa
kan akka midhaaniifi meeshaalee shaqaxaafi
kanneen biroo geejjiba aadaatti fayyadamuun
iddoo tokkoo iddoo biraatti geeffamaa turan.

Geejjibni aadaa har’as biyya keenya keessatti


bal’inaan hojiirra oolaa jira. Sababiinsaas,
tajaajilli geejjiba ammayyaa bakka hunda
babal’atee waan walhingeenyeef. Biyyoota
guddinni isaanii duubatti hafaa ta’e keessatti
guddinni geejjiba ammayyaas duubatti hafaadha.
Haata’u malee, sabni biyya sanaa akkuma
qaroominaan dabalaa deemeen, dandeettiin waa
kalaquu dabalaa deema. Geejjibni ammayyaas
kanuma wajjin guddataa deema jechuudha.

2
Dhalli namaa osoo akka ammaa ammayyummaan
hindhufin dura, geejjiba aadaatti fayyadama
ture. Geejjibaa aadattin immoo saffisaan iddoo
barbaade ga’uu hindanda’u ture. Fageenya
karaa har’a guyyaa tokko keessatti geejjiba
ammayyaatiin galamu, dur geejjiba aadaatiin
torban lamaa hanga ji’a tokkootti deemama ture.
Kunis humna kotteetiin guyyaa ittiin geejjibuun,
galgala galgala immoo okaa itti haamuun kan
taasifamudha. Yeroo dheeraaf ta’us, galaa
qabachuun deemama ture.

Bara qaroominni duubatti afaa ta’e keessa


laggeeniifi haroo ce’uunillee rakkisaa ture.
Fakkeenyaaf, lagni tokko yoo guutee hamma
bishaan guute sun hir’atutti yookaan hanga lolaan
guutee darbutti eeguun dirqama ture. Riqichi
cimaa waan hinturreef, imaltoonni hedduun
bishaaniin fudhatamu ture. Kotte duudaan
bishaaniin nyaatamanis akkuma kana baay’eedha.
Yeroo dheeraas karaarra waan turamuuf, galaan
nama jalaa dhumee yeroo rakkoon hanqina
nyaataa mudatus nijira.
3
Boqonnaa 2: Geejjiba Aadaa

Geejibni aadaa bu’uuraafi daandii argama geejjiba


ammayyaati. Geejjiba aadaa iddoo lamatti
qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis kan lafarraafi
kan bishaan irraati. Kan lafarraa waan kotteetti
fayyadamuun geejjibuu akka ta’e nibeekama. Kan
bishaaniirraa immoo laggeen gurguddoo guutaniifi
haroowwan irra qaxxaamuranii imaluuf wantoota
tajaajilanidha. Wantoonni bishaanirra ittiin
cee’an yeroo mara qaama bishaanii qarqaratti
namoota bishaan sana daakanii nama ceesisan
wajjin argamu.
4
Geejibni lafarraa kan akka fardaa, gaangee,
gaalaafi harreetti fayyadamuun tajaajila
argamudha. Tajaajilli fardaa, gaangeefi gaalaa
ba’aa garagaraafi namoota bakka tokko bakka
biraatti geessuudha. Fardi immoo akka goota
waraanaattillee ilaalama. Kanaaf gaheensaanii
dachaadha. Harreen immoo baayinaan meeshaa
geejjibsiisuuf tajaajilu.

Geejjibni bishaanirraa wantoota naannootti


argamanirraa qophaa’anii tajaajila irra oolu.
Isaanis, qeloo, qarbata, jirmaafi bidiruu faati.
Qeloon koolloo bishingaa yookaan akaakuu
daggala gurguddaa irraa walitti hidhamee
cimdeessamuun qophaa’a. Qarbatni immoo gogaa
re’ee bifa qalqalaan tolfame irraa sukkuumamee
hojjetama. Meeshaalee kanatti fayyadamuufis
of-eeggannoo guddaa barbaada. Keessattuu,
laga guddaa dhiibbaa guddaa qabuufi gootuunsaa
cimaa

5
ta’erra meeshaalee kana oofuun balaa guddaa
qaqqabsiisa.Meeshaaleen bishaanirra ittiin
geejjibaman kun ofiin laga yookaan qaama
bishaan biroo irra nama hinceesisan. Meeshaalee
kanatti fayyadamee namas ta’e mi’a kan bishaan
ceesisu daaktuudha. Daaktuun kunis kan sirriitti
leenji’eefi muuxannoo qabu ta’uu mala. Nama
haalaafi humna bishaan sanaa yeroo dheeraaf
keessa beeku ta’uutu irra jira. Damballiin bishaan
sanaas akka miidhaa hinqaqqabsiisne kallattiisaa
hubachuun balaarraa baraaramuudha.

Qeloon daggala fufurdaa yookaan muka bisingaa


irraa hojjetama. Kunis koolloon daggalaa
yookaan kan bisingaa walqixxaatee muramee
wadaroodhaan sirriitti walitti hidhamee qophaa’a.
Tajaajillisaas yeroo ganna bishaan guutu yookaan
haroorra qaxxamuruuf, nama daakaa hinbeekneefi
mi’asaa qeloorratti hidhuun daaktuun bishaan
ceesisa. Imala ofii xumuranii yoo deebi’anis
haaluma kanaan geejjibanii gara manaatti deebi’u.

6
Qarbatni immoo gogaa re’ee akka qalqalaatti
qophaa’eedha. Qarbatni kun sirriitti
sukkuumamee akka lallaafutti qophaa’a. Itti
aansuun uffatni imaltootaa itti naqamee afaansaa
sirriitti hidhamee bishaanirra oofuuf akka
mijatutti qophaa’a. Namni daakaa hinbeekne
qeloo irrattis haata’u qarbata irratti hidhameeti
bishaan ce’a. Qarbatnis akkuma qeloo lamaansaa
walitti hidhamee erga qophaa’ee booda,
namichi geejjibsiifamu sirriitti irratti hidhamuun
daaktuudhaan ceesifama.

Qeloofi qarbanni lama lamaan erga walitti


hidhamanii booda, daaktuun tokko yookaan lama
ta’uun namoota daakanii ce’uu hindandeenye
meeshaalee kanatti hidhuun bishaanitti buusu.
Yoo daaktuun tokko ta’e karaa gara gadii goruun
meeshaaleefi nama irratti hidhame sana ofcinaa
oofa. Yoo lama ta’an immoo gararraafi gajjallaa
ooluun qeloos ta’e qarbata nama baatu sana
dhiibbaan bishaanii kallattii jijjiirsisee fudhatee
akka hindeemne ni’ittisu. Falli kanaas danbalii
7
yookin, oriitoo bishaanii hordofanii mataa oriitoo
sana faana akka ce’anis daaktonni kallattii
niqabsiisu.

Jirmiifi bidiruun ammayyuu iddoo tokko


tokkotti hojiirra oolaa jiru. Kunis haroowwan
irra geejjibuufi qurxummii bishaan keessaa
ittiin adamsuuf tajaajilu. Bidiruun jirma muka
guddaarraa bocamee kan qophaa’uu yoo ta’u,
jirmi, garuu, mukuma duudaatu qirixamee
(muramee) bishaanirra ittiin geejjibama. Bidiruun
kan aadaa ta’ullee bocaafi bifaan yabalaafi doonii
ammayyaa wajjin walfakkaatina qaba.

Bidiruun immoo erga bocamee qophaa’ee


babatteen ittiin bishaan irra bololisu (bololi’u)
nitolchamaaf. Miiniifi namoonni bidiricha keessa
erga galanii booda qaama bishaaniirra bahu.
Daaktichis babattee qabannaa qabu sanaa
bishaan yeroo gara boodaatti dhiibu bidiruun
immoo gara fuula duraatti deema jechuudha.

8
Jirmi garuu muka duudaatu qirixamee bishaanirra
akka deemu taasifama. Jirmi kun namas ta’e
meeshaa baay’ee hinbaatu. Nama tokkotu ulee
dheeraa qabachuun yookaan immoo babattee
qabannaa qabuun qaama bishaan sanaa gara
duubatti dhiibuun jirmicha bishaanirra sochoosa.
Kan jirma kanarratti fe’amuu danda’us, meeshaa
akka qoraanii, citaa, akkasuma qurxummii
adamsamaniifi takka takka immoo beelada
xixinnoos irratti fe’uun nidanda’ama.

Walumaa galatti, jirma, bidiruu, qeloofi qarbatni


tajaajila geejjiba bishaanirraaf meeshaalee
tajaajilanidha. Isaan kun laggeen gurguddoofi
haroowwan gurguddoo irra geejibuuf kan
tajaajilanidha. Gama kaaniin immoo, dhalli namaa
qaama lafaarra geejjibuuf, farda, gaangee,
harreefi, gaala fayyadamaa ture; fayyadamaas
jira. Isaan kuni beeladoota waan ta’aniif,
kunuunsaafi nyaata gahaa barbaadu. Dhalli
namaa haala kanaan erga tajaajilamaa turee,
har’a immoo gara geejjiba ammayyaatti ce’ee jira.

9
Boqonnaa 3: Geejjiba Ammayyaa

Karaa gara biraan immoo, geejjibni ammayyaa


bu’aa guddina saayinsiifi teeknooloojii irratti kan
hundaa’edha. Geejjibni ammayyaa immoo bakka
sadiitti qoodama. Isaanis:- geejjiba lafarraa
geejjiba bishaanirraafi. Geejjiba qilleensarraati.
Akaakuuleen geejjibaa kunniin qarooma
dhala namaa wajjiin walitti hidhatanii kan
kalaqamanidha. Kalaqamuun geejjiba ammayyaa
kunis jiruufi jireenya uummataa daran fooyyessee
jira.

10
Sadarkaan guddina geejjiba ammayyaa bara
addunyaalessaa kana keessa addunyaan akka
ganda tokkootti akka ilaalamtu taasisaa jira.
Guddina telekoomii wajjin walqabatee, industiriin
geejjibaa hariiroo uummata addunyaa daran
walitti dhiyeessee jira. Keessattuu, tajaajilli
geejjiba xiyyaaraa imaltoonni biyya tokkorraa
biyya biraatti imalan yeroo gabaabaa keessatti
ga’uu danda’u. Kun immoo yeroofi baasii qusachuu
irrayyuu, dhimma ofii yeroodhaan raawwachuuf
gahee guddaa qaba.

Geejjibni ammayyaa fe’isa baay’ee guddaa yeroo


gabaabaa keessatti bakka tokkoo bakka biraatti
geessuuf gahee olaanaa qaba. Fakkeenyaaf,
konkolaataan fe’isaa kuntaala yookaan
toonii hedduun lakkaa’amu baadiyyaatii gara
magaalaatti deddeebisa. Baaburris fuurgoo
hedduu waan qabuuf, fe’isa toonii baay’een
lakkaa’amu gara biyya keessaafi biyya alaatti

11
deddeebisuuf tajaajila. Keessattuu ba’aa ulfaataa
buufata dooniirraa gara giddugaleessa biyyaatti
fida.

Tajaajilli geejjiba ammayyaa daldalli sadarkaa


addunyaatti daran akka guddatu taasiseera.
Biyyoonni garagaraa oomisha biyya keessaa
gara biyya alaatti erguun sharafa biyya alaa
argatu. Meeshaalee bu’aa saayinsiifi teeknooloojii
ta’anis biyyoota qaroomaniirraa yeroo gabaabaa
keessatti argachuufis tajaajilli geejjiba ammayyaa
iddoo olaanaa qaba. Walumaa galatti, tajaajilli
geejjiba ammayyaa gama hariiroo dinagdee,
hawaasummaafi siyaasaa uummata addunyaatiin
gahee olaanaa taphataa jira.

12
Boqonnaa 4: Seera Tiraafikii

Geejjibni ammayyaa seera tiraafiikii hordofee


tajaajilarra oola. Kunis qabeenyaafi lubbuu
namaarra balaan akka hingeenyeef tumsa.
Seeronni kunniin, keessattuu kan daandiirraa,
kan lafoon ilaalanii itti fayyadamaniifi
kan konkolaachiftoonni horodofanii itti
fayyadamanidha. Isaan kun gariin kan
maddii(qarqara) daandirratti dhaabamanii
odeeffannoo eeggannoo kennani. Isaan
kaan immoo daandii irratti sararamanii kan
akeekkachiisan yoo ta’an, inni biroon immoo
13
mallattoolee ibsaatiin dhorkuufi hayyamuu
mul’isanidha. Seera tiraafikii kana kabajuufi
hordofuun tajaajilamuu dhabuun balaa guddaa
lubbuu namaafi qabeenya irratti geessisuu
danda’a. Seera tiraafikii keessatti mallattooleen
geejjiba lafarraa sadarkaa addunyaatti hojiirra
oolan bakka jahatti qoodamu. Isaanis kan
akeekkachiisan, kan dhorkan, kan dirqisiisan,
dursa kan kennisiisan, odeeffannoo kan kennaniifi
kallattii kan agarsiisan fa’i. Namoonnis ta’an
konkolaachiftoonni mallattoolee kana hordofuufi
kabajanii hojiirra oolchuu qabu. Kun ta’uu
baannaan balaan adda addaa namaafi qabeenya
irratti miidhaa geessisuu danda’a.

Gama kanaan, konkolaachiftoonni qabatanii


oofuu qofa osoo hintaane, dursa hubannoofi
beekumsa mallattoolee kanaa qabaachuutu
irraa eegama. Mallattoolee kana sirriitti
beekuu dhabuun rakkoo balaa tiraafikaa akka
qaqqabsiisuu danda’u hubachuu qabu. Osoo
eeyyama konkolaachisummaa hinfudhatiinis
leenjii gahaa argachuutu irraa eegama. Uummanis
14
hanga danda’ametti hubannoo mallattoolee kanaa
qabaachuu qaba. Barumsi seera tiraafikiis sirna
barnootaa keessa galee baratamuu qaba.

Kan xiyyaaraas akkuma kan konkolaataa buufata


xiyyaaraa keessatti mallattoolee qubachuufi
ka’uuf gargaraantu argamu. Mallattooleen kunis
sadarkaa addunyaatti kan beekamaniifi kan
kabajamanidha. Kallattiin ka’umsaafi qubachuun
xiyyaaraas seera qaba. Toorri qilleensaa irra
balali’anis seeraan kan qilleensa keessatti
sararamedha. Qilleensa daangaa biyya biraas
eeyyama malee seenuun dhorkaadha.

Seeronni tiraafiikii baaburaafi doonis akkuma


kan xiyyaaraafi konkolaataa kabajamuu qabu.
Keessattuu, kan baaburaa bakka qaxxaamura
baaburaafi konkolaataan hadiidii baaburaa
qaxxamurutti mallattoolee dhaabbatan
hubachuun ce’uun nama, horiifi konkolaataaf
murteessaadha. Baaburri hadiidiirra mucucaatee
waan deemuuf, salphaatti dhaabuun nirakkisa.
Kanaafuu, of-eeggannoo barbaachisu gochuun
lammii hundarraa eegama.
15
Baaburri yeroo tokkotti fe’isas ta’e namoota
imalan hedduu saffisaan kan geejjibsiisudha.
Furgoo yookaan harkifamtoota hedduu waan
qabuuf, harkistuu tokkoon meeshaa baay’ee
kaasuun nidanda’ama. Baaburri kan deemu
hadiidii sibiilaarra waan ta’eef, akka laayyootti
to’atanii dhaabuun hindanda’amu. Sibiila
irra deema waan ta’eef salphaatti qabamee
hindhaabatu.

16
Kanaafuu, daandii baaburaarra qaxamuruuf,
mallattoolee tiraafikii ilaaluufi hubachuu
barbaada. Daandii baaburaa bakka riqaan
hinjirretti bitaa mirga ilaalanii akka seerri
ajajutti qaxaamuruudha. Mallattoolee, ibsaatiin
agarsiifamanis beekuun barbaachisaadha. Kana
gochuun immoo balaarraa nama baraara.

Tajaajilli geejjibaa sadarkaa guddina saayinsiifi


teeknooloojii irratti hundaa’ee geejjiba
aadaarraa gara geejjiba ammyaatti akka ce’aa
dhufe qabatamaan kan mul’atudha. Tajaajilli
geejjibaa kan aadaafi kan ammayyaa jedhamuun
iddoo gurguddaa lamatti qoodama. Dameeleen
kun lachanis dameelee xixinnoo gargaraatti
qoodamanii ilaalamu. Yeroo ammaa geejibni
ammayyaa magaalarraa gara baadiyyatti
babal’ataa waan jiruuf, barbaachisummaan
geejjiba aadaa gadi bu’aa dhufeera.

17
Walumagalatti, tajaajilli geejjibaa guddina
dinagdee, hawaasummaafi siyaasa uummata
addunyaa keessatti gahee olaanaa qaba. Walitti
dhufeenya uummataa, odeeffannoo yeroodhaan
argachuuf, beekumsaafi ogummaa waljijjiiruu
keessatti gaheen geejjibaa guddaadha. Sadarkaan
guddina geejjiba addunyaa har’a mul’atus dhalli
namaa akka garaasaatiifi fedhiisaatti bakka
tokkoo bakka biraatti akka socho’uuf haala
mijataa uumee jira. Kanaafuu, seeraan itti
fayyadamuun lammii hundaarraa eegama.

18
Gaaffilee Dubbisuun Boodaa

1. Akka mul’iftuu misoomaafi guddinaatti kan


ilaalamu maali?

2. maddi argama geejjiba ammayyaa maali?

3. Geejjibni ammayyaa bakka meeqatti


qoodama? Tarreessi.

4. Seera tiraafikii hordofanii geejjibsiisuun balaa


maal maalirra gahu hambisa?

5. Seera tiraafikii kabajuun bu’aa maalii qaba?

You might also like