You are on page 1of 21

Icitii milkaa’uu

Iccitiiwwan Galii-Kutaa 1ffaa


Galii jechuun soorata namni tokko addunyaa tana keessatti

jireenya ofii itti fufsiisuuf argatuudha. Yeroo baay’ee galii

maallaqaan wal qabsiisna. Addunyaa tana keessatti jireenya

ofii itti fufsiisuuf namni hunduu madda adda addaa irraa galii

adda addaa argata. Gariin immoo inumaa kan galii hin qabne

jira. Yoo argatan nyaatan, yoo dhaban ni obsan yookiin beelan

miidhamuun namoonni du’an manni haa lakkaa’u. Gariin

immoo galii ofiitin machaa’un yommuu addunyaa balleessanii

fi badii babal’isan argina. Galiin isaani haraama ta’ee halaala

ta’ee haajaa itti hin qaban, kan argan hundaa walitti haruudha.

Namoota miidhuun qabeenya walitti guuruf fiigu. Hanga yoomi

akkanitti walitti haruuf fiigu, hanga yoomi akkanatti nama

miidhu?

Mee har’a galii keenya akkamitti akka guddisnuu fi jireenya

badhaadhinnaa jiraannu gabaabamutti haa ilaallu. Duraan

dursinee wanti beeku qabnu galiin keenya wanta humna keenya

qofaan carraaqne finnu osoo hin ta’in soorata (rizqii) Rabbiin


nuuf murteessedha. Mallatoole Rabbii keessaa tokko namoota

gariif qabeenya ni bal’isa, gariif immoo ni dhiphisa. Osoo

hunda isaanitu dureessa godhee silaa tokko tokkoof hojjataa

ta’uu ni danda’aa? Jireenyi addunyaa tanaa osoo hin hojjatin

akkamitti itti fufti ree? Akkasumas osoo hunda isaanitu

hiyyeessa taasise silaa akkamitti wal tajaajiluun jireenya

addunyaa tanaa itti fufsiisu?

“Sila Rahmata Gooftaa keeti isaantu qoodaa? Nutu jireenya

duniyaa keessatti waan ittiin jiraatan gidduu isaanitti

qoode. Akka gariin isaanii garii tajaajilaa godhatuuf jecha

garii isaanii garii irra sadarkaan ol fuune. Rahmataa

Gooftaa keetitu waan isaan walitti qaban irra caala. “ Suura

Az-Zukhruuf 43:32

Hundii keenyaa gammachuu fi milkaa’inna jireenya keessatti

argachuuf garmalee feena. Kanniin lamaan argachuuf dhagaan

nu hin bocne fi hin fonqolchine hin jiru. Galii keenya argatuuf

olii gadii fiigna. Garuu wanti hojjannu guutun gammachuu fi

milkaa’inna ta’uu danda’u? Iccitiin galii keenya itti argannu

eessatti argamaa? Mee walumaan haa ilaallu. Obsaan waliin

haa turru. Isiin qophiidhaa?


1.Kaayyoo kee murteessi– jireenya kee keessatti kaayyon kee

maalii? Maalif jiraattaa? Kaayyon kee nyaatte du’u qofaa moo

kaayyoo biraa qabdaa? Maaliif addunyaa tana keessaa

jiraattaa? Kaayyoo kee yoo hin murteessinii fi sirritti hin beekin

iccitii milkaa’innaa fi gammachuu argachuu hin dandeessu.

Iccitiin milkaa’inna, gammachuu fi galii argachuu as irraa

jalqaba. Yoo kaayyoo kee sirritti beekte karaan itti deemtu ifa

siif ta’a. Kaayyoo ofii beekun qofti gahaa mitii, tartiibni kaayyos

iddoo ol’aanaa qabata. Kaayyoon jalqabaa kee maalii? Nama

soreessa ta’uudha moo doktora ta’uudha moo maaliidhaa?

Iccitii milkaa’innaa fi gammachuu jireenya keessatti argachuuf

kaayyoon jalqabaa kee addunyaa tana osoo hin ta’iin,

qabeenya walitti tuulu osoo hin ta’in, nama beekkamaa ta’uu

osoo hin ta’in, Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenuuf

ta’uu qaba. “Osoo qabeenya hin argatin akkamitti Jaalala

Rabbii fi Jannata seenu danda’an?” jette gaafachuu

dandeessa. Deebiin isaas, wanta tokko argachuuf karaa

hordoftuutu jira, yoo karaa san irraa dabde wanta san hin

argattu. Qabeenyi kee karaa kaayyoo jalqabaa kee kana ittiin

geessu malee kaayyoo kee dhumaati miti. Yommuu galii kee


argachuuf tattaafattu wanta dallansuu Rabbii sitti buusan irraa

ni fagaatta, karaa jaalala Rabbii ittiin argattuu fi jannata ittiin

seentu ni hordofta. Kuni immoo galii kee keessatti akka hin

kasaarre fi baraaka qabaattu si taasisa, karaa sirrii hordofaa

waan jirtuuf. Garuu kayyoo guddaa kana dagatte qabeenyuma

walitti guuru irratti yoo xiyyeeffatte adabbii hamaa

dhandhamta. Namoonni naannoo keenya jiran kan kaayyoo

jalqabaa ofii dagatanii qabeenya qofa irratti xiyyeefatanii fi

adabbii hamaa dhandhaman barnoota gahaa nuuf ni ta’u.

Kanaafu iccitiin galii tokkoffaan kaayyoon kee inni duraa

Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenudha. Wantoota

kaayyoo kana si jalaa diigan irraa waan dheessituu fi wantoota

kaayyoo kana siif ijaaran waan hojjatuuf galiin kee barakaa

qaba, jireenya keessatti gammachuu fi tasgabbii argatta.

Kaayyoon kee jalqaba kana yoo ta’ee Rabbiin dhimma kee sii

laaffisa, bakka ati hin beekne si soora. Garuu kaayyoon kee

kana yoo hin ta’in addunyaan dugda sitti garagalchiti.

2.Rabbiin irraa araarama kadhachuu – iccitiin galii lammaffaan

Rabbiin irraa araarama kadhachuudha. Namoonni gariin

garmalee of gowwomsanii jiru yommuu Rabbiin dagatanii


humna ofii qofaan carraaqani qabeenya walitti sassaabuuf

ifaajan. Kana jechuun carraaqu hin qaban jechuu osoo hin

ta’iin karaan isaan hordofan baditti kan isaan geessudha.

Karaa haraamatin qabeenya walitti guurani boodarra adabbii

wanta hojjataa turanii dhandhamu. Eeti namni dogongoruun

haraama ni hojjata. Garuu gara Rabbiii deebi’uu fi araarama

kadhachuun boqonnaa haarawaa jireenya isaa keessatti banuu

ni danda’a. Yommuu namni tokko araarama Rabbiin irraa

kadhatu, gufuun isaa fi milkaa’inna jidduu jiru jalaa

haxaawamaa adeemu. Sababni isaas, milkaa’inni fi

gammachuu Rabbiin qofa irraa waan ta’eef. Badii hojjachuun

balballa milkaa’innaa fi gammachuu cufa.

Rabbiin irraa araarama kadhachuu fi gara Isaatti tawbaa

dhugaan deebi’uun, Rabbiin rooba akka roobsu fi humna irratti

humna akka namaa dabaluu Qur’aanni nu barsiisa:

“Yaa ummata kiyya Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii

gara Isaatti tawbaan deebi’aa. Bokkaa walitti dhaabbataa

godhee isiniif ergaa. Humna keessan irrattis humna isiniif

dabalaa. Yakkamtoota taatanii irraa hin garagalinaa. ” Suura

Huud 11:52
Wanti rizqii namaa hir’isuu fi barakaa keessaa kaasu badii

hojjachuudha. Badii sanirraa yoo hin deebi’inii fi Rabbiin irraa

araarama yoo hin kadhatin roobni akka hin roobne fi galiin

guutumatti akka badu sababa ta’a. Gara Rabbii deebi’uu fi

araarama kadhachuun immoo galii irratti galii, rooba irratti

rooba, badhaadhinna irratti badhaadhinna namaa dabala.

Kanaafu iccitiin lamaffaan galii itti argatanii fi dabalatan

tawbaa dhugaan gara Rabbii deebi’uu fi araarama Isa

kadhachuudha.

3.Hojjachuu fi Carraaqu– hojii malee ta’uu fi namoota jala

harka qabachuun salphinnaa fi deega. Islaamni amantii hojitti

namoota kakaasudha. Nabiyyoonni fi namoonni gaggaarin

namoota hojiin ciccimoo turaniidha. Namoota kadhatanii kan

bulan osoo hin ta’in harka ofiitin taattafatanii of bulchaa turan.

Namni tokko humnaa ittiin hojjatuu osoo qabaatu maxxanaa

ta’ee jiraatun isaaf dhibee fi salphinna. Garuu namoota baay’ee

ni argina kanneen hojii tufatanii fi hojjachuu hin feene. Harka

namaa eeggachuu fi kadhachuun amala itti ta’e. Akkuma

hadiisa keessatti dhufe kadhaan namoota sadiif hayyamama.

Isaaniis, nama garmalee hiyyoomef, nama garmalee idaa


(liqaa) keessa jiruu fi nama kaasaa ofirraa kafaluu dadhabe.

Kanaan ala osoo humna qabanuu kadhachuun addunyaa

aakhiratti salphinnaa.
‫ﺎﺭ َﺳﺄَﻟُﻮﺍ َﺭﺳُﻮ َﻝ ﻪَّﻠﻟﺍ ِ ﺻﻠﻰ ﻪﻠﻟﺍ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ‬
ِ ‫ﺼ‬َ ‫ ِﻣﻦَ ﺍﻷَ ْﻧ‬،‫ ﺃَ َّﻥ ﻧَﺎﺳًﺎ‬، ِّ‫ﺃَﺑِﻲ َﺳ ِﻌﻴ ٍﺪ ْﺍﻟ ُﺨ ْﺪ ِﺭﻱ‬
‫ﻓَﺄ َ ْﻋﻄَﺎﻫُ ْﻢ ﺛُ َّﻢ َﺳﺄَﻟُﻮﻩُ ﻓَﺄ َ ْﻋﻄَﺎﻫُ ْﻢ َﺣﺘَّﻰ ﺇِ َﺫﺍ ﻧَﻔِ َﺪ َﻣﺎ ِﻋ ْﻨ َﺪﻩُ ﻗَﺎ َﻝ “ َﻣﺎ ﻳَ ُﻜ ْﻦ ِﻋ ْﻨ ِﺪﻱ ِﻣ ْﻦ َﺧﻴ ٍْﺮ‬
ْ ِ‫ﻓَﻠَ ْﻦ ﺃَ َّﺩ ِﺧ َﺮﻩُ َﻋ ْﻨ ُﻜ ْﻢ َﻭ َﻣ ْﻦ ﻳَ ْﺴﺘَ ْﻌﻔ‬
ْ‫ﻒ ﻳ ُِﻌﻔَّﻪُ ﻪَّﻠﻟﺍ ُ َﻭ َﻣ ْﻦ ﻳَ ْﺴﺘَ ْﻐ ِﻦ ﻳُ ْﻐﻨِ ِﻪ ﻪَّﻠﻟﺍ ُ َﻭ َﻣ ْﻦ ﻳَﺼْ ﺒِﺮ‬
َّ ‫ﺼﺒِّﺮْ ﻩُ ﻪَّﻠﻟﺍ ُ َﻭ َﻣﺎ ﺃُ ْﻋ ِﻄ َﻲ ﺃَ َﺣ ٌﺪ ِﻣ ْﻦ َﻋﻄَﺎﺀٍ ﺧَ ْﻴ ٌﺮ َﻭﺃَﻭْ َﺳ ُﻊ ِﻣﻦَ ﺍﻟ‬
‫ﺼﺒ ِْﺮ‬ َ ُ‫ ” ﻳ‬.
Abu Sa’id al-Kudriyi akkana jechuun gabaasan:

“Namoonni Ansaara irraa ta’an Ergama Rabbii (SAW)

kadhatan, Innis isaanii ni kenneef. Ammas ni kadhatan; hanga

wanti isa bira jiru dhumutti ni kenneef. Ergamaan Rabbii

(SAW) akkana jedhe: wanta gaarii (qabeenya) na bira jiru isin

irraa hin dhowwadhu (hin kuufadhu). Namni kadhaa irraa of

qabee Rabbiin nama san akka hin kadhanne taasisa. Namni

quufa barbaadu (wanta qabutti gammadu), Rabbiin isa

quubsa. Namni obsuu Rabbiin akka obsu isa taasisa. Namni

tokko kennaa hin kennamneef wanta sabrii caalaa gaarii fi

bal’aa ta’ee. (Kana jechuun kennaan hunda caalu gaarii fi

bal’aa ta’e sabriidhaa jechuudha)” (Sahiih Al-Bukhaari fi Sahiih

Muslim)
Kanaafu kadhaa dhiisanii hojjachuun, erga hojjatanii wanta

argatanitti quufu fi itti gammaduun, haafayuu dhiisu fi yommuu

rakkoo fi toltuu obsuun furtuu milkaa’innaa fi gammachuuti,

icciti galiiti.

Wanta humni kee danda’u barbaadi hojjadhu. Hojii hin tufatin.

Hojii qulqullinnaan hojjachuu fi yeroo murtaa’e keessatti

xumuruun galii kee dagaagsi. Wantuma xiqqoo harkaa qabduu

irraa ka’e. hadiisa armaan olii yaadadhu. Hanga xiqqoon tuni ol

sii guddattu hin haafayin, quufi, obsi, carraaqqi kee itti fufi.

Yoo kasaara sodaatte iccitii galii lakkoofsa 1ffaa, 2ffaa fi 4ffaa

yaadadhu hojii irra oolchi.

4.Rabbiin irratti hirkachuu – jireenyi tuni jireenya ulfaattu fi

qormaata baay’een guuttamteedha. Qormaata fi gufuwwan

jireenyaa bira darbuuf gargarsi baay’ee nama barbaachisa.

Ta’uu baannan dukkana jireenya keessatti kufani hafudha.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

“Yoo Rabbiin isin gargaare wanti isin injifatu hin jiru. Yoo Inni

isin xiqqeesse immoo Isa booda kan isin gargaaru eenyu?

Mu’imintoonni Rabbuma irratti haa hirkatanii. “ Suura Ali-

Imraan 3:160
Kanaafu gargaarsi fi injifannoon hundii Rabbuma irraayyi.

Rizqiin teenyas Isuma irraayyi. Rabbiin irratti hirkachuu jechuun

hojii dhiisi taa’i jechuu osoo hin ta’iin hanga humna keeti

carraaqiti gargaarsaf Isa kadhu. Jireenya kee keessatti si

gargaaru akka danda’u abdadhu. Firii hojii keeti Rabbuma irraa

eegi. Kanatu Rabbiitti hirkachuudha.

Gariin hojii malee ta’uun Rabbiin nuuf jira jedhu. Gariin

namoota immoo garmalee halkanii guyyaa hojjachuun ba’aa

hin dandeenye ofitti fe’u. Lamaan isaanitu dogongora keessa

jiru. Nama dhiisati mixiin gurraatin lafa deemtu ‘Rabbiin na

razzaqa’ jette ciisaa hin ooltu. Ni tattaafatti. Ergasii Rabbiin ni

razzaqa (ni soora).

Akkasumas leencii wanta har’a sooratu yoo argate, ‘wanta

boruu ittiin oolu hin qabu’ jedhe halkanii guyyaa carraaqun of

hin ajjeessu. Boqonnaa ni fudhata. Rabbiin tan boruus isaaf

razzaqa.

Nuti hoo ilmi namaa eessa jirraa? Boru wanta ittiin oolu hin

qabu jechuun addunyaa tana osoo ariinu zikrii Rabbii irraa

fagaanna, Isatti hirkachuu dhiisne irraa garagalla, humna

keenya qofaan osoo ifaajnu of ajjeesna. Rabbiin bineensota fi


ilbisoota adda addaa sooru ilma nama akkamitti sooru

dadhabaa?

Kanaafu yoo iccitii galii barbaadde Rabbiin irratti hirkadhu- si

gargaaru akka danda’u Isa amani.

5.Karaa halaalatiin rizqii (soorata) barbaadachuu– hojii fi

carraaqqi keessa karaa adda addaatin galii kee barbaadachu

dandeessa. Karaan hundii garuu si hin baasu. Gariin si

fageessa, gariin si kasaarsa. Kanaafu karaa si hin fageessine fi

hin kasaarsine filachuun galii kee dagaagfadhu. Karaan sunis

karaa halaalatiin galii argachuuf tattaafachuudha. Hatuun,

nama gowwomsuun, kadhachuun, malaamaltummaan, loogin,

mattaan, dhalaanii fi kkf nin galii gaarii fi guddaa argachaa jira

yoo jette garmalee of gowwomsite jirta. Akkana goonan

gonkumaa hin milkooftu. Yeroof fooqin malaamaltumma fi

dhalaan ijjaarrame milkaa’inna fakkaachu danda’a. Garuu

boodden isaa ibiddaa fi hoongodha.

“Rabbiin gonkumaa iccitii milkaa’inna wanta dhowwee

keessa hin goone.”

Dubartiin takka seenaa ofii akkanatti ibsiti

Seenan kiyya ifaadha. Dogongora kiyya irraa akka barattaniif


isinitti hima. Gaa’illi koo gamtoominna anaa fi abbaa mana

jidduu kiyyaatin haala gammachuutin jalqabame. Dureessa hin

turre, garuu wanta qabnutti kan gammannu turre. Intala

garmalee jaalannu takka qabnaa turre. Marsaa jalqabaa gaa’ila

keenya intala teenya raffisnee, salaatu, Rabbiin faarsu fi

Qur’aana qara’aa turre.

Guyyaa tokko qusannaa keenya yommuu sakattaanu maallaqa

hanga ta’e akka kufanne argine. Dhiirsa kiyyaan aksiyoona

(sharing) dhala(ribaa) qabu akka binnu yaada itti dhiheesse.

Bu’aa kanarraa argamuun jireenya intala teenya ni gargaarra

waliin jenne. Wanta qabnu hundaa fi gurgurtaa faaya kiyyaa

dabalatee aksiyoona kana irratti investii goone. Erga yeroon

muraasni darbeen booda aksiyoonni ni kufe. Ni kasaarre. Liqaa

baay’ee waliin hafne. Karaa badaa (badii ribaa) yommuu

Rabbiin akkana jedhu barree:

“Rabbiin dhala (keessaa barakaa) ni haaqa; sadaqaa immoo ni

guddisa. Rabbiin warra akkaan kafaraa, dilaawa hundaa hin

jaallatu. ” Suuraa Al-Baqaraa 2:276

Halkan tokko dhiirsa kiyya waliin mormii cimatti seenne. Akka

na hiiku isarraa barbaade. Innis iyyuun, “Ati narraa hiikkamte…


Ati narraa Hiikkamte..” nan jedhe. Anaa fi intalli koo garmalee

boonne. Kanattu mataa kiyya keessa deema: Rabbiif ajajamuu

irratti walitti dhufnee,Rabbiin diidun (daangaa Isaa darbuun)

addaan baane.

Kanaafu karaa halaala qofaan galii kee dagaagfadhu nama

gammachuu qabuu fi milkaa’a taatati. Yoo karaa haraamatin

deemte ni kufta, maallaqni si harka hin teettu. Salaabi taati,

barakaa hin qabdu.

Hin haafayin- hadiisa armaan olii yaadachuun wanta qabdutti

quufi. Wantoota gara haraamatti nama oofan keessaa tokko

haafayu fi dharra’uudha. Jiraadhu jireenya mataa keeti. Daandii

haraama fi namoota karaa harmaatin qabeenya walitti kuusan

hordofuun ibidda jireenya keetitti hin qabsiisin.

Kanaafu iccitiin galii 5ffaan karaa halaala qofaan galii

argachuuf carraaqudha.

Insha Allah hanga torbaan kutaa 2ffaan walitti deebinutti

Assalamu aleykum wr wb.

√ Daandii Milkaa’innaa fi Gammachuu-Lakk.17


Posted on April 1, 2017 by sammubani

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Onkololeessa


(October) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti

funaannamtedha.

“Wantoota namoota balleessan sadii irraa fagaadhu, wantoota

sadan nama baraaran sirritti qabadhu.

Wantoonni nama balleessan sadan: fedhii duwwaa hordofuu ,

of dinqisifachuu (ujb) fi garmalee haafayu .

Wantoonni sadan nama baraaran: Rabbiin iccitii fi ifatti

sodaachu, yeroo dallansuu haqa ta’u , yeroo durummaa fi

hiyyummaa madaallamaa ta’u.”

Namni yeroo fi sammuu ofiitti sirnaan hin fayyadamne, dalalii

jireenya fi jireenya salphinnaa keessa jiraata. Namni yeroo ofii

sirnaan fayyadamee garuu sammuu ofii bakka hin taanetti yoo

fayyadame, dhumti isaa hoongo fi salphinna. Fakkeenyaf, nama

Rabbii fi Guyyaa dhumaatti hin amanne garuu addunyama tana

qofa jala deemu osoo hin tawbatin yoo du’e salphinnaa fi

adabbii hamatu isa eeggata. (Ilaali salphinna warra sammuu

ofitti hin fayyadamne suurat al-mulk 67:6-10 irraa).

Akkasumas, namni tokko sammuu ofiitti fayyadamee yeroo

ofiitti yoo hin fayyadamiin, dhumti isaa sodaachisaadha.

Fakkeenyaf, nama Rabbii fi Guyyaa Dhumaatti amane garuu


milkaa’inna Aakhiraa bitachuuf hin carraaqne.

Kanaafu yeroo fi sammuu ofiitti sirnaan fayyadamuun furtuu

milkaa’inna fi gammachuti.

Namni yeroo hundaa harka isaa gara Rabbii dhugaan

olkaasu (yeroo maraa du’aayi godhu), In shaa Allah guyyaa

tokko balballi milkaa’inna ni banamaaf.

Beektaa yeroo kam jireenya keessatti akka kuftu? Yeroon ati

kuftu yeroo ati salaatatti baaccu (qoostu) fi yeroo isaa eegun

sirnaan yoo salaatu dhiistedha . Yommuu ati salaata dhiistu

jireenyi sitti dhiphatti. Barataa tokkotu ture kan medicine

baratu. Gaafa tokko “Ati sila maaliif hin salaanne?” Jedhe

gaafadhe. Akkana jechuun deebii naa deebisee,”Ani barachuuf

as dhufee malee salaata salaatufi miti.” Dhugumatti deebiin

akkanaa nama rifachiisa. Bu’aan inni argate maal ta’eree?

Yeroo muraasan booda akkana naan jedhe, “Bara kana qabxii

gaarii galmeessaa ture. Garuu gara dhumaatti darbuu hin

dandeenye. Kanaafu bara kana kufe jira. Lamu irra deebi’aa

jira. Garmalee qo’achaa ture, hiriyoonni koo darbanii jiru. Kuni

hundi maalif ta’e. Rabbiin maaliif akkana natti hojjataa?…”

Amma eenyun komataa? Matama ofii komachuudha. Namni


daangaa Rabbii darbaa fi dirqamoota bahuu dhiisun, “Rabbiin

maaliif akkana natti hojjata?” yommuu jedhu hin saalfatu?

Barnoonni asirraa fudhannu maaliidhaa?

Tokkoffaa salaata dhiisu fi itti qoosun jireenya rakkoo fi

dhiphoo jiraachudha. Salaata dhiisun jireenya keessatti kufaatif

sababa ta’a.

Lamaffaa yommuu sirritti hojjatuu fi bu’aa gaarii argatu,

Rabbiin irratti osoo hin ta’in humna ofii irratti hirkate. Kanaafu,

humna, qabeenya fi sadarkaa keetin hin gowwomiin. Rabbiin

irratti hirkadhu.

Yommuu Rabbiif galata galchitu, adabbii hamaa addunyaa

tanaa fi Aakhiraa irraa ni baraaramta. Rabbiif galata galchuu

jechuun Isaa ajajamuu fi qananii Isaatti fayyadamuun daangaa

Isaa darbuu dhiisudha. Dhugumatti adabbii laaleessaa

addunyaa tanaa fi Aakhiraa irraa baraaramuun ni’imaa (tola) fi

mindaa guddaadha.

Wanti hundarra gaariin ijjoollen haadha abbaa ofiiti gochuu

danda’an , Rabbiin irraa araarama fi rahmata isaani

kadhachuudha. Wanti gaariin kana caalu hin jiru. Sababni

isaas, rahmataa fi araarama Rabbiitiin milkaa’inna guddaa


galmaan gahu. Milkaa’inni guddaan sunis Jaalala Rabbii

argachuu fi Jannata seenudha. Milkaa’inni kana caalu ni jiraa

sila?

Nama fedhii duwwaan oofamu fi harkifamu osoo hin ta’in

nama haqaa fi xinxalliin oofamu fi harkifamu ta’i argami.

Amaloota niiti/dhiirsa keeti namoota birootti himuu irraa of

eegi. Yommuu ati amala gaarii fi bifa miidhagaa niiti/dhiirsa

keeti isaanitti himtu, si waanyun hiriiroo keessan kukkutuuf

ka’u. Inuma jaalalaan isa/ishii irraa qabamuun dhiirsa/niiti

jaallattu kee dhabuu dandeessa. Kanaafu odeeffannoo dhiirsa/

niiti keeti akkuma argite hin raabsin. Keessumaayyu sab-

qunnamtii fi hirriyootatti hin odeessin. Suuraa niiti/dhiirsa keeti

sab-qunnamti kan akka Fesbuuki irratti gadii hin furin.

Boodarra hadhaa baay’ee dhandhamtaati.

Suufiyaan As-Sawrii akkana jedhamuun gaafatamee ,

“Beekumsa barbaadu moo hojii gaggaarii hojjachutu si biratti

jaallatamaadha?”

Innis akkana jechuun deebise, “Beekumsi kan barbaadamuuf

hojii ittiin hojjachuufi. Kanaafu beekumsa barbaaduf jette hojii

gaggaarii dalaguu hin dhiisin. Hojii gaggaarii dalaguuf jettes


beekumsa barachuu hin dhiisin.”

“Jarjaruun haadha gaabbi hundaati. ” Kanaafu wanta hundaa

jarjaraan hin raawwatin boodarra garmalee seenoftaati.

Hin sobin, sobni kee akkamitti fi yoom ifatti akka bahu hin

beektuti. Yommuu sobni kee ifatti bahe, ni salphatta, ni

tufatamta. Haqa dubbachuuf bilisa ta’i. Yookiin cal’isi.

Namoota gammachiisuf jette hin sobin.Yommuu sobdu

amanamummaa dhabda, ni shakkamta, ni jibbamta. Yommuu

haqa dubbattu immoo amanamaa fi jaallatamaa ta’aa

adeemta. Sobni balbala milkaa’inna fi gammachuu namarratti

cufa. Haqa dubbachuun immoo hulaa milkaa’inna fi

gammachuu bana.

Cal’isuun warqiidha. Jechoota haqaa fi gaarii dubbachuun

immoo warqii warqii caaludha. Kanaafu warqii hin dhabin.

“Kophatti diina Rabbii taate ummata keessatti gabricha Rabbii

hin ta’in .” Bilaal ibn Sa’ad

Kana jechuun kophatti Rabbiin faalleessaa fi daangaa Isaa

darbaa yommuu namoonni si argan immoo akka waan Rabbiin

sodaattu hin fakkeessin. Kophaa fi ummata keessattis Rabbiin

sodaadhu.Kophaa fi ifatti Rabbiin jalaa hin baatuti.


Humna baasu fi rakkoo danda’u yoo jibbite, milkaa’u hin

dandeessu. Milkaa’inni humna baasu fi rakkoo danda’u

waliin dhufa. Jireenya keessatti mi’aa yoo barbaadde,

rakkoo fi gufuwwaan waliin obsi. Humna baasi,

milkaa’innaaf gatii kafali. Asii fi achi takkaa warraaqi.

Yeroo san milkooftati.

” Dhugumatti hojiiwwan gaggaariin qalbii ibsuu, fuula faayu,

qaamaf jabeenya ta’u, rizqiif (soorataaf) bal’inna ta’u. Qalbii

namoota keessatti jaalala kaa’u (namoonni nama hojii

gaggaarii hojjatu ni jaallatu). Cubbuu fi badii hojjachuun immoo

qalbii dukkaneessa, fuula walitti suntursa, qaama laamshessa,

rizqii akka dhiphattu taasisa. Qalbii namoota keessatti jibba

uuma (namoonni nama badii fi cubbuu hojjatu garmalee jibbu,

namtichi suni osoo hanga fedhe cubbuu ofii dhokseeyyu.)”

Hariiroo haraama uumun, yeroo, qabeenya, sammuu, humna,

gammachuu fi milkaa’inna kee hin qisaasessin. Yommuu

namni tokko hariiroo haraama saala faallaa waliin uumu,

yeroon jalaa gubatti, qabeenyi ni qisaasa’a, sammuun

boqonnaa fi nageenya dhabdi, qaamni ni laamshaya, imaanni

jalaa hatama, miidhaan isaa tarreefame hin dhumu.


Qulqullummaa ofii eegu fi hanga fuudhani ykn heerumani

obsuun kabaja, ulfinna, gammachuu fi badhaadhinna. Kanaafu

In shaa Allah hanga nama sirrii ta’een, yeroo sirrii ta’etti walitti

dhuftu obsi. Hanga sanii sammuu kee dagaagsi, aklaaqa/

amala kee miidhagsi, qalbii tee shirkii, shakkii, jibba, waanyu,

oftuulu irraa qulqulleessuf carraaqi. Kana beeki, nama

hawwatamaa fi jallatamaa kan taatu yommuu amala kee

bareechistedha. Nama jibbamaa fi kan irraa dheessan kan

taatu immoo yommuu amala kee xurreessite fi fokkisteedha.

Wantoonni amala kee fokkisan, soba (kijiba), oftuulu, waanyu,

nama hamatu, dubbii oli gadii guuru, aybii (dogongora)

namoota jala deebani ifatti baasu, kabaja namaa xureessu fi

kkf. Kanaafu amala kee bareechisi.

Yommuu ammaan achi akka hin jaallatamne fi hin

kunuunfamne sitti dhagahamu , aarun abdii hin kutin.

Keessumatti namni atii fuudhu/itti heerumu barbaaddu

yommuu si hin jaalanne sitti dhagahamu, aarun abdii kutu

dandeessa. Miironni akkanaa dhiiga kee akka xuuxanii fi

sammuuf anniisaa kee akka qisaasessan hin hayyaminiif.

Rabbiin irratti hirkadhu. Akkuma hojii gaggaarii hojjachuu, badii


irraa dheessu fi araarama Rabbiin irraa kadhachuu itti fuftuun,

guyyaa tokko nama jaallatamaa fi kabajamaa taata. Hanqinna

kee ilaalun of gadii hin xiqqeessin. Hanqinna malee eenyutu

addunyaa tana irra deemaa? Hundii keenya hanqinna qabna.

Haa ta’uu malee hanqinna keenya sirreessuf guyyaa guyyaan

carraaqu qabna. Galmaa fi milkaa’inna namoota biroo ilaalun

of hin jibbin. Wanta dandeessu hojjadhu. Kanaafu hanqinni

keeti fi milkaa’inni namoota biroo karaa jijjirama sitti hin cufin.

Jijjiramuuf tattaafadhu.

Hojii tokko hojjachuun dura jalqaba niyyaa kee tolchi . Maaliif

hojjadhaa?jedhii of gaafadhu. Sababni isaas, niyyaa kee irratti

hundaa’eti kan mindeefamtu (ajrii Rabbiin irraa argattu). Niyyaa

kee erga tolchiteen booda faayda fi miidhaa hojii keeti

madaali. Yoo hojiin kee faayda kan qabaatu ta’e, duubatti hin

deebi’inii hojjadhu. Yoo miidhaa qabaate immoo dhiisi.

Miidhaa fi faaydan isaa wal qixa yoo ta’e yookiin miidhaa

fiduun isaa yoo si shakkisiise, hin hojjatinii dhiisi. In shaa Allah

haala kanaan badii baay’ee jalaa baraaramta. Miila kee

tarkaanfi itti aanutti kaasun dura itti yaadi. Maaliif hojjadha?

Maal hojjadha? Akkamitti haa hojjadhu? Gaafilee jedhan


deebisuuf carraaqi.

Shaqiiq al-Balkhii akkana jedhe:’namoota waliin yommuu

hiriyyoomtu akka yeroo ibidda bira jirtu ta’i. Ibidda irraa

faaydaa isaa fudhu akka si hin gubne immoo of eegadhu.”

Haaluma kanaan namoota waliinis yommuu jirtu faayda irraa

fudhu akka si hin miine immoo of eeggadhu.

You might also like