Professional Documents
Culture Documents
Namni farda ajjeese garbuu fi sogidda walitti daakee fardeen walitti qabee nyaachisa
Aadaa Oromoo keessatti lubbuu namaaf qofaaf osoo hin taane, lubbuu bineensaa, beeyladaa fi
mukaafillee kabajaa olaanaatu kennama.
Namni tokkoo yoo lubbuu dhala namaa tokko balleesse akka aadaa Oromootti gumaa baasa.
Akkuma kana namni lubbuu bineensa ykn beeyladaa tokko balleesses aadaan ittiin gumaa baasuu jira,
kunis Uluu jedhama.
Aadaan Uluu jedhamuun beekamu kun bakkaa bakkatti sirna akka akkaa fi maqaalee garagaraa qaba.
line
Jechi uluu jedhu wanta ulmaa ba’uu ykn wantootaa cubbuu ta’aniirraa dhiqachuu kan jedhu irraa akka
madde himu ogeessi kun.
Aadaa Oromoo keessatti beeylada lubbuun bade tokkoof maallaqa kaffaluun alatti sirna itti gumaa baasu
qaba.
Fakkeenyaaf namni tokko beekaas ta’e tasa yoo farda ajjeese, garbuu fi sogidda walitti daakee fardeen
walitti qabee nyaachisee ''gumaa keessaan narraa fudhadhaa, gumaa na baasaa nan kuffisiinaa.
Bakka barbaadeen na ga’aa, ari’ee qabuudhaafis baqadhee jalaa ba’uufis gaachana naaf ta’aa,'' jedhee
farda gumaa baasa.
Beeylada akka saree kan amanamtuu jedhamtee yaadamtuufi mana eeguu irratti ga’ee olaanaa
qabduufis gumaan ni ba’a.
Namni saree ajjeese, saroota hunda walitti qabee marqaa marqee dhadhaa irra godhee ittilee ykn
gabatee bal’aa irratti nyaachiisa.
Sarootni kunneen yeroo dhadhaa kana nyaatanii hooqqisan, “nan ciniininaa, haaloo na hin ba’iinaa, nan
haalinaa'' jechuun sareen hiikkatteetti haaloo hin baatu jedhamuun gumaan akka ba’anitti ilaalalama.
Adurreef ammoo gumaa yeroo baasaan, sanyii ishee walitti qabanii sombaa fi aannan kennu.
“Akka tasaan fira keessan ajjeeseetii na hin haalinaa, natti hin mufatinaa, akkuma duraa waliin jiraanna,''
jechuun adurreef gumaa baasu.
Yeroo adurreen duutu aadaa Oromoo keessatti hin gatamtu, ija isheetti jirbii godhaniitu awwaalu. Aadaa
Oromoo keessatti adurreen haadha icciitiiti jedhamte waan amanamtuuf ni jaallatamti.
Gama looniitiin ammoo namni lubbuu dabarse, keessumaa korma namni ajjeese hidda addaan kute
waan jedhamuuf gumaan baafamuu qaba jedhu Filee Jaallataa (PhD).
Kunis kan taasifamu “kormi naaf haa mo’u, gumaa keessan fudhadhaa, akka tasaa harka kootti du’e”
jechuun qiixxaa xaafii diimaa ykn daagujjaa qiixxanii sogiddaan makanii horii walitti qabanii nyaachisuun
gumaa baasu.
Beeylada akka harreef yeroo gumaan ba’uu waanta isheen jaallattuu waan akka daaraa, garbuu fi
sogiddaan makuun ni kennamaafi.
Falaasama Oromoo keessatti gaangeen abaaramtuu jedhamtee waan ilaalamtuuf, beeyladoota keessaa
namni gaangee ajjeese, abbaa qabeenyaaf gatii kaffaluun alatti gumaa hin baasu.
Uluun yeroo taasisamu lubbuu ba’eef gumaa baasuuf qofa osoo hin taane, boodarra bineensi lubbuun
hafan ni horu jedhamee waan amanamuufi.
Cubbuu ofirraa dhiquuf uluun kan gaggeeffamuu yoo ta’u gumaa keessan fudhaa jechuun sirni kun
gaggeeffama.
Waan hunda caalaa sababni itti gumaan bineensota baafamuuf lubbuu kamuu baasuun Waaqa biratti
safuudha jedhamee waan amanamuufi.
Ajjeesaan tokko manatti deebi'ee hin geerariin ykn hin sirbin dura gumaa baase deebi'uu qaba.
Sirni Uluu beeyladoota mana keessaaf qofa osoo hin taane, bineensota bosonaafis ga’ee olaanaa qaba
jedhu Aabba Fileen.
Kun Oromoon falaasama addunyaaf gummaache keessaatti ga’ee guddaa qaba jechuun ni danda’ama.
Bineensota bosonaa akka leencaa, gafarsaa fi waraabessaallee namni ajjeesse gumaan ni baasa.
Fakkeenyaaf namni gafarsa ajjeese callisee gara manaatti hin deebi’u. Guyyaa shan ala bulee muka si’a
sagal yaabee si’a laga sagal ce’ee booda manatti debi’a.
Namni adamoo yookaan ajjeessaaf jechallee bineensa ajjeese gumaa baasuu qaba.
Sababni inni jalqabaa beekkamtiif jechallee yoo namni tokko bineensa ajjeese, lubbuu waan baaseef
cubbuu irraa harka isaa dhiqachuuf gumaa ni baasa.
Itti yaadellee yoo ajjeese waaqa biratti lubbuun namaa fi bineensa tokkodha jedhee amana Oromoon.
Kun bineensotaaf iddoo guddaa laachuufi lubbuu baasuun dogoggora ta’uu isaa kan barsiisudha.
Sababni gumaa baasuu kanaa inni lammataa ammoo bineensi akka gafarsaa fi leencaa sanyiikoo irratti
akka haaloo hin baaneef amantaa jedhuuni.
Kana goochuu yoo baate safuudha, qaamni isaa ni miidhama ykn innis ta’e ilmi isaa yoo deebi’ee gara
daggalaa deeme gafarsi ykn leenci isa ajjeesuu danda’a jedhame waan yaadamuufidha.
Kanaaf utuu ajjeesaan tokko manatti deebi’ee hin geerariin ykn hin sirbin dura gumaa baase deebi’uu
qaba.
Bineensota daggalaaf yeroo gumaa baasu akka saree fi kan fardaa ‘hoodhu nyaadhu’ hin jedhu.
Qaamaan waan hin argamneef muka yaabe bu’uun laga ce’uun gumaa baasa.
Warabeessi yoo horii jalaa nyaate jennaan namni tokko isa ajjeese, waraabeessa kanaafillee gumaa ni
baasa.
Kana kan taasisus soogidda fuudhee deemee mana qaallutti galchuuni. Kunis kan filatameef harreen
sogidda jaallatti, waraabeessi ammoo harree waan jaallatuufidha.
Ogeessi aadaa kun, sirna kana yeroo abbaankoo gaggeessu argeera jechuun yaadatu.
Bineensa akka jawwee fi bofaafis gumaan ni baafama. Jawween hammeenya qaba jedhame amanamus
gumaan ni baafamaafi.
Kunis kan taasifamu dhiigaani. ''Na hin ciniiniin na hin hiddiin. Naaf araarami, ilkeekee natti hin baasiin,”
jechuun Oromoon lagatti dhiiga facaasee gumaa baasa.
Amma garuu guutummaatti gara baduutti adeemaa jira. Sababa kanneen akka amantaafii kaaniin,
aadaan kun bakka hedduutti akka Waaqeffannaa addaatti waan ilaalameef badaa adeeme.
Utuu aadaan kun guutummaatti deebifame gaaridha. Sababiin isaa namni, hawaasni ykn biyyi safuu
Waaqaa eegee, Waaqaan hogganama waan ta’eef jiruuf jireenya tarfaasaa argata jedhamee amanama.
Aadaa kana deebisuun miidhaa hin qabu, tarii ilaalcha ykn amantaa namootaan wal simu yoo baate
malee.
Itoophiyaa
Uummata Oromoo
Aadaa
Bineeldoota