You are on page 1of 4

Abdii kutachuun abjuu kee dukkaneessa.

Abjuu qabdaa? Waan dhalatteef itti yaadde beekta? Maaliif akka gara biyya lafaa kana
dhufte of gaafattee waan yaadattu qabdaa? Egaa dhugaa jirtu xiqqoo tokkoon sitti hima.

Biyyi lafaa irra jiraannu kun biyya wal’aansooti. Bu’aa bayii hedduu qabdi. Injifachuufi
injifatamuun walcinaa adeemti. Carraanis akkasuma. Takka ol nama baasti; takkammoo
gadi nama buusti. Namoonni mul’ata isaanii bira dafanii kan hingeenyeef sababa dafanii
abdii kutataniifidha. Jireenya keessatti yeroon gara milkiitti ittiin tarkaanfatan yeroo
qormaanni namatti heddumatudha. Jireenyi qormaataan guutuudha. Akkuma mana
barumsaatti namni qormaata qoramee qabxii gaarii galmeesse badhaasa guddaafi
ramaddii guddaa argatu; dhaalli namaa qormaata keessa darbee galma gahinsa
mul’atasaa bira dafee gaha. Biyya lafaa kanarratti namoonni maqaan isaanii yeroo mara
faarfamaa jiraatan warra utuu abdii hinkutiin jabaatani hojjetanidha. Fakkeenyaaf,
Thomas Edison’ lammii biyya Amarikaa kan humna ifaa, har’a dinagdeefi wantoota
hedduu itti argaa jirru kana kalaqedha.

Steve Jobs’ kan jedhamu nama meeshaalee amma namni hedduu itti gargaaramaa jiru
kan ‘Apple’ jedhamu kalaquun addunyaa kana ajaa’ibsiisedha. Bil Gates’ nama
‘maayikiroosoftword’ jedhamu uumee yeroo ammaa kana sooressa beekamaa biyya lafaa
kanaa keessaa tokko ta’edha. Benjamin Franklin’ kan jedhamus nama siyaasaan
beekamaa, barreessaafi dhimmoota ifaafi humna elektiisiistiitiin beekamti qabu ture.
Dubartiin beekamtuun ‘Marie Curie’ jedhamtu bara 1903 badhaasa addunyaa
beekamaa kan argatteefi elementoota mataasheeti nama argattedha. Galalileo Galilei
nama biyya Xaaliyaaniiti. Innis nama ‘abbaa saayinsii ammayyaa’kanaa jedhamuun
beekamudha. Hayyoonni hojii isaaniitiin biyya lafaa kana ajaa’ibsiisan hedduutu turan.
Dhimmi guddaan hayyoota kana walfakkeessu abdii kutannaa tokko malee mul’ataafi
abjuu dhalootaaf qaban sanatti cichuusaaniiti.

Fakkeenyaaf, Thomas Edison’ lammii biyya Amarikaa kan humna ifaa, har’a dinagdeefi
wantoota hedduu itti argaa jirru kana kalaqedha. Steve Jobs’ kan jedhamu nama
meeshaalee amma namni hedduu itti gargaaramaa jiru kan ‘Apple’ jedhamu kalaquun
addunyaa kana ajaa’ibsiisedha. Bil Gates’ nama ‘maayikiroosoftword’ jedhamu uumee
yeroo ammaa kana sooressa beekamaa biyya lafaa kanaa keessaa tokko ta’edha.
Benjamin Franklin’ kan jedhamus nama siyaasaan beekamaa, barreessaafi dhimmoota
ifaafi humna elektiisiistiitiin beekamti qabu ture. Dubartiin beekamtuun ‘Marie Curie’
jedhamtu bara 1903 badhaasa addunyaa beekamaa kan argatteefi elementoota
mataasheeti nama argattedha. Galalileo Galilei nama biyya Xaaliyaaniiti. Innis nama
‘abbaa saayinsii ammayyaa’kanaa jedhamuun beekamudha. Hayyoonni hojii isaaniitiin
biyya lafaa kana ajaa’ibsiisan hedduutu turan. Dhimmi guddaan hayyoota kana
walfakkeessu abdii kutannaa tokko malee mul’ataafi abjuu dhalootaaf qaban sanatti
cichuusaaniiti.

Saayintistiin beekamaan ‘Albert Einstein jedhamu, ‘jireenyi akka nama saayikilii


oofuutti’ jedha. Madaalakee eeggachuuf sochiikee itti fufuu qabda jechuusaati. Jireenyi
adeemuudha. Jireenya keessatti nama jabaa ta’uu qofa utuu hintaane, qormumsa dura
dhaabbachuutu hammam akka nuti geenyu ibsa. Namni waa guddaaf akeekamu waa
xiqqoon danqamee booda hin deebi’u. Kufaatiin mallattoo injifatamuu miti. Kufa ka’uun
garuu abshaalummaa hayyummaati. Dogoggora keessatti kufuu utuu hintaane,
dogoggora ofiirraa baratani fuulduratti adeemuutu kallattii injifannooti.

Namni abdii kutatu kaayyoosaarraa fagoo jira. Waan qalbii ofiitti guutummaan abdatani
itti seenaan akka yaadanitti yoo milkaa’uu dadhaban gufannaa uuma. Gufannaa kanarra
tarkaanfatani kaayyoo qabatani ba’an ilaaluun abdii horannaadha. Namni abdii qabu
yeroo hedduu mo’ataadha. Fakkeenyaaf, daldala ta’e jalqabdee jalqabarratti kasaaraa
jalqabaatiin dhaabbachuunkee abdiii kutachuuke ibsa. Qormaata tokko qoramani
naasuu sanaan barumsa dhaabuunis akkasuma. Dorgommii fiigichaa jalqabarratti
injifatamuun itti deebii dadhabuunkee mallattoo kufaatiikeeti Waraqaa iyyannoo
dorgommii hojiitiif barnootaaf galfattee ulaagaa calallii darbuu dhabuukeen dugduuba
kan deebitu yoo taate ati milkaa’inarraa fagoo jirta. Abdii kutannaan diina abjuuf
mul’ata dhala namaati.

Abdii kutannaa injifachuu nidandeessa. Dhibaa’ummaafi abdii kutannoo injifachuuf


malli guddaan ‘Nan danda’a’jechuudha. Sammuun dhala namaa waan hojjechiisan
hojjeta. Namni kamuu bu’aa amantii yaada qalbiisaati. Nan hojjedha jennaan ni hojjeta.
Namoonni yeroo ammaa kana xiyyaara hojjetanii qilleensarra nuun adeemanis ta’e
doonii kalaqanii bishaanirra nuun adeeman dhaluma namaati. Warreen lafa kanarra
darbanii pilaanetii biraarra qubatanii waan haaraa uumuuf qorannoorra jiranis dhaluma
namaati. Kanneen konkolaataa tolchanii iddoo nubarbaanneetti nufuudhani deemaniifi
warshaalee gurguddaa uumanii nama nyaachisanii obaasan dhaluma namaati. Isaan
takinooloojii ammayyaa kana kalaqanii sagaleen dhala namaa daangaa hanga daangaatti
dhaga’amuun akka namni walquunnamtii taasisu tolchanis dhaluma namaati.
Nandanda’a warreen jedhan, danda’aniiru; atis nidandeessa.

Tooftaa kan biraan ittiin abdii kutannaa mo’atan injifannoowwan naannoo ofiitti
raawwataman irraa barachuudha. Yeroo yaadni bal’aan tokko gara sammuu ofiitti
dhufutti naannoo jireenyaa ofiitti namoota waa dalagani milkaa’ina gonfatan ilaaluun
barbaachisaadha. Wantoota naannoo keenyaatti arginu sana kan dalagan
namootumadha. Sochiin xiqqaan nama tokkoon jalqabee guutummaa biyyaa akka raasuu
danda’u quba qabdu laata? Daldallii tokkichi qofaan nama tokkoon eegalee
kaampaaniiwwan hedduun namichumaan akka damee hedduu qabaatan hinbeeknu
ta’aa? Manni barumsaa nama tokkichaan bu’uureeffamee kolleejjota hedduufi namoota
hedduu oomishuusaa aka naannoo keenya jiran quba qabna laataa? Dorgomaan tokkichi
hawaasa tokko keessaa ba’ee guutummaa biyyasaati addunyaarratti kan beeksise
naannoo keenyaa quba qabna laataa? Maarree namni tokkichi qofti addunyaa kana
geddaruu nidanda’a. Atiis isaan sana keessaa nama tokko ta’uu akka dandeessu beekuun
naannoo jireenyakeetti wantoota mul’atanirraa baraachuukee dhugoomsuu qaba.

Dhalli namaa gaara rakkinaa kamillee qaxxaamuruu nidanda’a. Balbala itti cufame
banee lafa bal’aa qaqqabuu danda’a. Kun ammoo kan ta’u, sammuusaatiif yoo
amanameefi nama kamuu faana hojjechuuf yoo jaalala qabaatedha. Jaalalaan jibba
mo’achuun walakkaa hojii akka xumurachuutti lakkaawama. Dabalataanis, haala keessa
jiran keessaa ba’uun barbaachisaadha. Haalli guyyaa guyyaan dhala namaa mudatu kan
nama hingammachiifne yoo ta’anillee mul’anni ofii garuu sana darbee deemuu qaba.
Mul’anniifi abjuun dhala namaa geddaru haalaan danqamee karaatti hinhafu.

Walumaagalatti, galma akeekkatan bira ga’uuf abdii kutannaan ala ta’uu qabna.
Namoonni milkaa’an bu’aa ba’iifi yaalii hedduun booda malee karaadhaa itti adeemanii
miti. Milkaa’inni tolaan gabayaarraa namaaf hinhiramu. Hojiif kutannoo gaafata.
Warreen bara jireenya isaanii miidhamanii seenaa hinbanneefi hinbabbanne lafa kaa’anii
darban warra abdii kutannaan ala carraaqqatanidha. Mammaaksa warra Jaappaan’
keessaa tokko ‘Si’a Torba kuftus Sadeeffaatti ka’i’ jedha. Oromonis, kan mataa nagaa
qabu akka bubbee saffisa’ jedha. Kanaafuu, biyya lafaa yeroo gabaabduuf keessa
jiraannu kana keessatti waa tokko buufnee darbuuf abdii kutannaa tokko malee ifaajuun
kaayyoo keenya galmaan haa geenyu!
Galatoomaa

Gala galaanni hin nyaanne qabna!!!

You might also like