You are on page 1of 10

Boqonnaa Saddeet: Jila Gadooma

Gadaa keessatti dhaloonni gulantaa tokkoo yeroo gara gulantaa itti

aanuutti ce’u, jila gaggeefatu qaba. Gulantaalee Gadaa adda addaa

keesssattis jila garagaraatu gaggeeffama. Haaluma kanaan, gadooma

keessatti jila gaggeefamutu jira. Kunis, Jila Gadaa yookiin Cidha Gadaa

jedhama. Jilli gulantaa Gadaa keessatti gaggeeffamu gurguddaan jila

Buttaa Qaluufi Jaarraa Utaaluuti.

Buttaa Qaluu

Gadaa keessatti, jilli dhaloonni gulantaa Doorii xumuruun gara gulantaa

gadoomaatti ce’uu isaanii argisiisuuf jilatan Buttaa Qaluu jedhama.

Buttaan korma jila kana irratti qalamu ta’ee, Buttaa Qaluun ammoo,

qophiilee jila gadoomaa hunda bakka bu’a. Kanaaf, jilli Buttaa Qaluu jila

dhalootni gulantaa gadoomaa ga’an hundi afurtama abbaafi saddeettama

akaakayyuu isaanii dhaqqabuu ibsachuuf kan jilataniidha.

Korma buttaa

1
Buttaa qaluu keessatti namni Gadaa ga’e, jalqaba qophii haalduree

taasisa. Qophii kana keessattis, dursee Qadadduufi Jaarsa Hirkoo

filatee guyyaa jila gadoomaa dhaammata. Qadadduun Foollee jalqabaa

hanga dhuma qophii jila isaatti gurmuu isaa kurfeessuun nageenya isaafi

keessummoota jila irratti hirmaatanii eeguufi hojiilee jila obbaasuu

hojjachuun deeggarsa taasisu. Jaarsi Hirkoo nama lubooma keessaa ba’e

ta’e, kan gaafa lubichi dhaqna qabatu hirkisuufi qophii jilaa

gargaaruudha.

Gaaffiilee Hubannoo 1

1. Gadooma keessatti jila akkamiitu jilama?


2. Qophiin namni gadoomu dursee raawwatu kan akkamiiti?

Dhaammannoo guyyaa jilaa booda, faayaalee ulfoo mallattoo luboomaa

ta’an kanneen akka alangee, Lootii/dhugoo, marataafi kan kana

fakkaatan qopheeffata. Akkasumas, dhangaalee nyaataafi dhugaatii

jifuu ta’an kanneen akka qorii, cuukkoo, daabboo, barroolee, caccabsaa,

aannan, daadhiifi kan kana fakkaatu hunda qopheeffata. Kunis, akka

seera Gadaatti, dhaloonni gulantaa Gadaa keessa jiran hundi bakka

jiranii walgurmeessanii wayta dhaqan jifuu isaaniif malu akka

hindhabneef yaadamee qophaa’a.

2
Dhangaaleen erga qophaa’anii booda, jilatu gaggeeffama. Kana

keessattis, Qadadduu, Jaarsi Hirkoofi Gurra Urtuun dhangaalee lubni

qopheeffatu hunda gumaata qabachuun sirba Gadaan dabaalamanii

dursanii argamu. Garra urtuun obboleettii lubaa tan angafa taateedha.

Kana booda, gochoota luba irraa rifeensa haaduu, gurra uruu raawwatu.

Itti aansunis, mataa haaddametti marata maruufi gurratti lootii

fannisuun uffata aadaan faayanii dhibaayyuuf qopheessu. Haati manaas

faayamtee dhakaraafi okoleetti aannan dhibaayyuu qabachuun luba

waliin malkaa deemti. Foolleenis tuuta miseensota gulantaa Gadaa

eebbaaf qe’ee lubatti argaman gurmeessee luba faarsaa malkaa bu’u.

Fakkeenya, Foolleen:

Soofanii quncee mukarraa soofanii

Dhoowwani foollee luba irraa hindhoowwani

Oofkali woyyaa luba koo ofkali!

3
Oofkalan Gadaa ga’anii

Yookaan mirrigaatti afanii

Oofkali woyyaa luba koo ofkali! jechuun faarsu.

Haawwaniifi Yuboonni ammoo, luba ofdura aansuun faaruun oofkaltii

Waaqa gaafachaa eebba dhibaayyuuf gara malkaatti deemu. Fakkeenya,

Yaa aabbaa hoo karra nuu bani mee (x2)

Oofkaltii Gadaan dhufee

Gadaa lubaan dhufee,

Karra nuu bani mee!

Lubnis dhibaayyuufi irreessa qabatee,

Gadaa abbaa kootii na ofkolchi

Sa’aa nama horsiisi

midhaaniifi marga biqilchi

4
nagaa biyyaa tiksi, .. jechuun Qadadduufi Jaarsa Hirkoo waliin

dabareen erga eebbifatee booda, sirna irreeffannaafi dhibaafannaa

raawwachuun qe’eetti deebi’a.

Erga qe’eetti deebi’ee booda, miseensota Gadaa isa waliin laga bu’aniifi

keessummoota oofkaltiif dhaqan hunda dhangaa qophaa’e nyaachisee

obaasa. Tuutni hunduu miseensota gulantaa Gadaa isaanii waliin ta’uun

sirbaa jifuu gaafatu. Lubnis jifuu qopheeffate akkuma gulantaa

isaaniitti kennaaf. Fakkeenya, kanneen gulantaa Ittimakoo(0-8) keessa

jiran,

Hoo yaa Ittimakoo

Maal jettee dhoowwattaa seera koo

Ani hinjenne Gadaa jedhee

Gadaa sayyoo, kan Waaqayyoo, jechuun jifuu Gadaan eeyyamuuf

gaafatu. Lubnis, aannaaniifi dhangaalee nyaataafi dhugaatii qophaa’e

kennaaf. Isaanis, jifuu argatan hunda naamusaan waldhandhamsiisanii

eebbisu. Tuutni miseensotaa Gadaa biroos akkasuma sirbaan jifuu

isaanii gaafatanii kennamaaf.

Lubni Gadaa qabatee hanga guyyaa sagaliitti ukoo hidhatee Jaarsa

Hirkoo waliin diinqa keessa ginna ciisa. Yeroo ginna ciisu kanatti kofoo

hinidhatu. Bullukkoo marxifatee akka irraa hinbuune sabbataan ukoo

5
hidhata. Keessummaa kan gaggeessu Qadadduufi maatii isaati. Namni

yoo tasa itti dhufe illee “Ofkali!” jedhanii bira darbu. Dhumarratti,

gaafa guyyaa kurnaffaa akkuma guyyaa jalqabaa, kurnoo

ayyaaneffachuun yeroo lammaffaaf malkaatti dhibaafatee Waaqaaf

galata oofkaltii galchuun jila xumurata.

Gaaffiilee Hubannoo 2

1. Dhangaaleen lubni qopheeffatu maal faa’i?


2. Gochaaleen lubni dhibaayyuun dura raawwatu kanneen
akkamiiti?
3. Faaruun haawwotniifi yuubotni yeroo dhibaayyuuf deeman
faarsan kan akkamiiti?

Jaarraa Utaaluu

Abbaan Gadaa haaraan akkuma baallii fuudheen ardaalee jilaa irra

naanna’uun waggaa afuriif hawaasa tajaajila. Waggaa afraffaa irrattis,

jila jilachuun Wolaannaa Qadadduu waamee hojiilee hojjate dhiyeessa.

Jilli walakeessa Gadaatti Abbaan Gadaa hojiilee hojjate dhiyeessuuf

jilatu kunis Jaarraa Utaaluu jedhama.

6
Jilli kun ganama kan gaggeeffamu yoo ta’u, Abbootiin Gadaa baallii

harkaa qaban dursanii ardaa jilaatti odaa jala bulu. Warri Wolaannaa

hojii isaanii hordofaa turanis qeeqaaf itti dhiyaatanii bulu. Kanneen

aangoo harkaa qabanis, galgala sana haala hojii isaanii walqorachuun

aanga’oota hanqina bulchiinsaa agarsiisan jijjiiruun miseensota bakka

bu’an qumbii nyaachisanii hayyoomsu. Jala bultii kana irrattis, sa’a

dullacha qalatanii bahu.

Ganama sirna gabaasa dhiyeessuufi walqeequutu raawwata. Kunis, wayita

gara gaaddisa taa’aniitti deeman gidduutti kan raawwatu ta’ee,

Abbootiin Gadaa baallii harkaa qaban fuuladura deemu. Kanneen

Wolaannaa ta’an ammoo, duuba deemuun hanqina isaan turtii waggaa

afurii keessatti agarsiisan bifa arrabaatiin itti himu. Abbootiin Gadaas,

osoo ofduuba hinmillanne, cimina Gadaa isaanii himu. Fakkeenya, warri

Wollaannaa ta’an,

7
“Dullacha edaa qalattee

Kocheelleen edaa bilchaattee

Giinyolee, giinyaan baddaa bultanii

Gadaa teessan aadaan baddee

Gadaa teessan dubartiin surree hidhattee!” jechuun kanneen baallii

hartkaa qaban qeeqan.

Warri Gadaas, muka irrii, uraagaafi lemma jedhamu walitti maruun

gurmuu irra kaayyatanii,

“Gadaan keenya Gadaa quufaati … bahoo!

Gadaan keenya Gadaa mirgaati … bahoo!

Gadaan keenya Gadaa bara nageesse… bahoo!

Gadaan keenya Gadaa aadaa deebise … bahoo!” jechuun cimina Gadaa

isaanii ibsaa gara qachaa gumiitti qajeelu.


8
Achittis, hanqina hujii bifa arrabaan walitti himuun aadaa akka ta’eefi

jibbaaf akka hintaane walitti himuun mucuca walgaafatu. Kana booda,

taa’anii bal’inaan hujiilee hojjatamaniifi hanqinoota turan bal’inaan

walitti himu.Dhuma irrattis, dullacha qalameefi dhangaa qophaa’e waliin

nyaatanii dhuganii jila Jaarraa Utaaluu raawwatu.

Gaaffiilee Hubannoo

1. Jilli Jaarraa Utaaluu eenyuun gaggeeffama? Maaliif


gaggeeffama?
2. Jilli
Gilgaala 1 Jaarraa Utaaluu akkamiin raawwatama?

Gilgaala 1: Gaaffiilee armaan gadii deebisi.

1. Buttaa qaluun jila walakkeessa baallii Gadaatti taasifamuudha.

Dhugaa/Soba

2. Wolaannaan ciminaafi hanqina hoggansa Gadaa niqeeqa.

Dhugaa/Soba

3. Jila gadoomaa keessatti lubaaf eenyutu gurra ura?

A. Qadadduu C. Jaarsa Hirkoo

B. Obboleettii D. Wolaannaa

9
4. Jilli Dooriin wayita gara Gadaatti ce’u jilatu

_______________dha.

5. Jila gadoomaa keessatti Qadadduun miseensa

gulantaa Gadaa kamiiti?

Gilgaala 2: Gabatee gadii guuti.

Qooda Ga’ee Jila Keessatti


Jila Gadoomaa
Fudhattoota Qaban
Qadadduu
Buttaa Qaluu
Qophii jilaa gargaaruufi

hirkisuu

Luba
Lubaaf gurra uruu

Jaarraa Wolaannaa

Utaaluu Abbaa Gadaa Jila qopheessuu

Aanga’oota

Abbaa Gadaa

10

You might also like