You are on page 1of 14

Biiroo Barnootaa

Bul.MagaalaaFinfinneetti
• Qophaa’ee kan isiniif dhiyaatu Sagantaa
Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 1ffaa
Seemisteera 2ffaati.
Qopheessaan:- Dhufeeraa Daanyeeti.
Barannoo 13ffaa
Boqonnaa 16 Beelladoota
Bineeldoota Yookiin Bineensoota Alaa
Dhuma barannoo kanaa booda barattoonni:
Beelladoota manaa fi alaa adda ni baastu.
Bineeldoota yookii bineensoota alaa ni
tarreessitu.
Fakkii ilaaluun jechoota ni dubbistu.
Gocha
Bineeldoota yookiin bineensoota alaa jiraatan
maal fa’a akka ta'an beektuu?
Bineeldoota yookiin bineensoota alaa
Bineeldoota alaa kanneen jedhaman namatti akka salphaatti madaquu warreen hin
dandeenyeedha.
• Iddoon jireenya isaanii bosona,boolla,bishaan walumaa galatti, Warreen ala
jiraataniidha.
• Bineeldootni yookiin bineensootni kunneennis,kanneen akka
Leenca
Qeerransa
Bosonuu
Waraabeessa
Gafarsa
Roobii
Kuruphee
Sardiida
Harree diidaa fi kkf nidha
• Bineeldoonni Kunneenis faayidaa hedduuf oolu. nyaataaf, daawwannaa fi kkf nidha
Gilgaala
• Fakkiilee ilaalii maqaa isaanii barreessi.
Gilgaala
Jechoota armaan gadii irra deddeebi'uun barreessi
1) Qeerransa ________ ________ __________
2) Leenca. __________ ________ __________
3) Sardiida __________ ________ _________
4) Gafarsa. __________ ________ _________
5) Bosonuu. ________ ________ _________
6) Kuruphee. ________ ________ _________
Deebii
1) Qeerransa Qeerransa Qeerransa
2) Leenca Leencha Leenca
3) Sardiida Sardiida Sardiida
4) Gafarsa Gafarsa Gafarsa
5) Bosonuu Bosonuu Bosonuu
6) Kuruphee Kuruphee Kuruphee
Kan itti fufe…
Bineeldoota alaa fi beelladoota manaa adda
baasuun barreessaa!
Leenca Saree
Qotiyyo Sardiida
Harree Gafarsa
Harree diidaa Hoolaa
Kan itti fufe…
• Bineeldoota manaa Bineensoota alaa
1._________ 5.__________
2.__________ 6. __________
3.___________ 7.___________
4.___________ 8.__________
Deebii
• Bineeldoota manaa Bineensoota alaa
1.Harree 5. Leenca
2.Qotiyyoo 6.Gafarsa
3.Hoolaa 7. Sardiidaa
4.Saree 8. Harree diidaa
Gilgaala
Jechoota keessaa qubee hir'ate guuti.
1.Le__nca
2.Bo___onuu
3.Ga__arsa
4.___eerrasa
5.Ku__uphee
Deebii
1.Leenca
2.Bosonuu
3.Gafarsa
4.Qeerransa
5.kuruphee
Cuunfaa Barannoo
Walumaa galatti, bineensoota alaa kanneen jedhaman
Warreen bosona,bishaan fi kkf keessa jiraataniidha
• Bineensoonni yookiin beelladootni kunneenis faayidaa
hedduu qabu.
 Madda galiif, nyaataa/ soorataaf daawwaannaafi kkfi nu
fayyadu.
• Binsoota yookiin bineeldoota alaa Kunneenis,
Leenca
Qeerransa
Bosonuu
Kuruphee fikkf nidha.
Xumurameera!

KOROONAA IRRAA OF
EEGAA!!

You might also like