You are on page 1of 32

Sirna Barnootaa

Barnoota Daree “O”

Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Hagayya Bara 2014


Adaamaa
Kaayyoolee Sirna Barnootichaa
• Guddina Miiraafi hawaasummaa,
• Guddina qaamaa,
• Guddina Afaanii,
• Shallaguufi
• Yaada da’immanii qaban guddisuun barnoota
idileef akka qopha’an gochuudha
Qabiyyee Sirna Barnootichaa
• Saayinsii Naannoo
• Dubisa Duraa(Early Literacy)
• Herreguu duraa(Early Mathematics)
Qajeelcha Barsiisaa
• Qajeelchi barsiisaa sanada mala baruu barsiisuu, meeshaalee
deeggarsa barnootaa, wayitii barnootaa, karooraafi kKf. kan of
keessatti qabateedha. Haata’u malee, Barnoota “O-Class”
kitaabni barataa hin jiru.
• Qabiyyeewwan sirna barnootichaa qindaawaadha. Haalli
dhiyeessii isaas ji’aan kan qoodamaniidha. Haaluma kanaan
o Qamoolee nafa ala namaa fi Qamoolee miiraa Wayitii 140
o Guddinniifi itti fayadamni Afaanii Wayitii 150
o Guddina Ogummaa Bu’uura Herregaa wayitii 150
o Guddina miira dhuunfaafi hawasummaa wayitii120
o Guddina beekumsa Naannoo isaanii wayitii 130
o Guddina Ogummaa kalaqaafi dinqisifachuu wayitii 110
Gahumsa Barachuu/Learning Competency/
• Adda baasuu
• Ni gaafatu/ni deebisu
• Qayyabachuu/Waamu
• Ibsuu/tarreessuu
• Wal-madaalsisuu/wal-dorgomsiisuu
• Hojjachuu(hands on activity)
• Qindoomina Ija, harkaafi sammuu
• Dinqisiifachuu (esthetics value)
 Gahumsaaleen barachuu salphaa irraa gara walxaxaatti
waan deemaniif sammuun da’immanii waantoota
walxaxaa ta’an akka baachuu/keessumeessuu danda’u
taasisa.
BU’UURA MALLEEN BARSIISUU
Maalummaa tokkoon tokkoon kutaa barumsaa
 Qophiin isaa yoo xiqqaate qindoomina (kaardii marii,
muuziqaa, oduu durii, tapha daree, ogummaa, tapha
dareen alaafi tapha dhuunfaan) kennama;
 Kunis daa’imman qabiyyee tokko miira adda addaa
dhiheessii adda addaatiin barumsicha bal’inaan akka
hubatan waan gargaaruuf sadarkaa barumsaa itti aanuuf
akka qophaa’aniif taasisa.
Kaardii Marii
 Tokkoon Tokkon ji’ootaa kaardii marii tokko qabu ()
 Kaayyoon isaa da’imman waan ji’a keessatti baratan
faakkiin kan dhiyaatu ta’ee:
Kaardii marii…
Hubannoo yaada waaliigalaa guddisuu
Fedhii barachuu kakaasuu
 barnootichi da’imman hirmaachisaa akka
taasiisuuf
Tasgabbii da’immanii guddisuuf/dabaluuf itti
fayyadamna.
Kaardii Marii Ji’a Tokkoffaa
1. Fakkiirratti bineeladoota mana kam faatu sitti mul’ata? Mana
keessanii bineeladoota qabdu?Bineeladoota kanneen ofiitti
waamuuf ykn ofiirraa siiksuuf sagaleewwan akkamii fayyadamtu?
2. Fakkiiwwaan isiniitti mul’atan keessaa qaama mormaa gadii kan
qaban eenyu faadha?
3. Fakkiiwwan mul’atan keessaa gochaalee sagaleewwan akkamii kan
keennaniitu jiru? Naannoo/Qe’ee keessaniitti sagaleewwan
dhageessan keessaa kan isiin gammachiisan isaan kami? Kan isiin
jeeqanoo?
4. Fakkiirratti dubartoota meeqatu jira? Gabatee Lakkoofsa irraa
lakkoofsa 1 hanga 20 afaaniin kan nuuf waamu eenyu?
5. Mandara(naannoo) keessanii al deemtanii beektu? Yoo deemtanii
beektan waantootni naannoo keessaniirra adda ta’an maal agartani?
6. Da’imni kan fiiguuf maal taanaani? Da’imni sareen isa ariitu maaltu
itti dhagahama isiniitti fakkaata?
Mala Dhiyeessi Barnootichaa fi Faayidaa Isaanii
1. Oduu Durii
 Oduu durii gara garaa irraa Daa’imman dandeettiiwwan
( Afaan, dhageeffachuu, yeroo xiyyeeffannaa ni
dheereffatu. Kan dhaggeeffatan deebisanii ni dubbatu
gaaffii gaafachuu, miiraawwan adda addaa kkf ni
gabbifatu)
2. Tapha daree keessaa
• Dhuunfaa yookaan gareedhaan raawwatama.
• Xiyyeeffannoon wantoota herregaa fi afaaniin dura baratan
cimsuu fi guddina hawaasummaa jajjabeessuufidha.
• Yaad-rimee seeraa fi dambii akka hubataniif (tartiiba
eeggatanii taphachuu fi dubbachuu)
Mala Dhiyeessii…….
3. Taphaa dareen alaa
• Dursanii kanneen baratan cimsuu
• Yaad-rimeewwan seeraa fi dambii
• Sonaawwan hawaasummaa (tartiiba eeggatanii
dubbachuu fi taphachuu, waliin hojjechuu )
gabbisuu.
• Qindoomina kutaalee qaamaa keessattuu
irreewwan gurguddoo cimsuu
Mala Dhiyeessii…….
4. Shaakallii gochaa
• Dursa daa’imman waan marii fi ibsaan baratan
caalmaatti gochaan cimsuuf ta’ee kan irratti
xiyyeeffatu afaanii fi herrega ta’a. Qubeewwan,
lakkoofsotaa fi jechoota adda baasuuf yeroo itti
hojjetanidha.
• daa’imman dhuunfaanis ta’e gareedhaan waan
hojjetaniif miira ofitti amanamummaa akka qabaatan
isaan gargaara.
• Qindoominaaf, guddina qaamaaf, irree gurguddoo fi
xixiqqoo cimsuuf gargaara.
Mala Dhiyeessii…….
5. Barachuu Ogummaa
• Fakkiiwwan boca adda addaa qaban akka kutanii fi
maxxansan, fakkiiwwan adda addaa bocuu fi halluu
akka diban;
• modeela dhoqqee irraa akka hojjetan, waraqaa
dachaasuufi mummuruun fakkiiwwan hojjechuu akka
danda’an yeroo taasifamuudha.
• Kanaanis dandeettii kalaquu daa’immanii fi dandeettii
yaad-rimeewwan ji’oometirii ni cimsa.
• Fedhii waan tokko dinqisiifachuu ni gabbisa;
• Qindoomina irreewwan xixxiqoo ni cimsa.
Mala Dhiyeessii…….
6. Muuziqaa
• Kaayyoon isaa barnoota torbanii cimsuufi gadi
fageenyaan akka jabaatu gochuufidha.
Daa’imman dhimma tokko muuziqaa fi oduu
duriitiin yoo itti himamu barumsicha fedhii
guutuudhaan ni baratu.
• Dabalataanis, dandeettii muuziqaa dhokataa
ta’e kakaasuufi gabbisuuf gargaara.
Meeshaalee Sirna Barnootaa

1. Qajeelcha Barsiisaa (Sanada barsiisaan ittiin


qopha’uufi ittiin barsiisuudha)
2. Maateeriyaalota deeggarsaa ja’a qaba. Isaaniis
 Galmee Oduu Durii
 Galmee Muuziqaa
 Galmee Shakaala Gochaa
 Galmee Tapha Daree Keessaa
 Galmee Tapha Dareen Alaa
 Galmee Barachuu Ogummaa
3. Kaardii Marii
Qophii Barnootaa
• Barumsichi kan qopha’uu qajeelcha barsiisaa bu’ura
godhachuuni. Kanaaf qajeelchi barsiisa meeshaa isa
angafadha. Barumsi idileen dura kitaaba barataa hin
qabu.
• Barsiisaan yoo qophaa’u Fakkeenyaaf barumsa ji’a
tokkoffaa yoo barsiisu Kaardii mariin jalqaba. Itti
aansuun maateeriyaalota deeggarsaa ji’a jalqabaaf
qopha’an fayyadamuun qamoolee ala nafa nama,
sagaleee naannoo irraa dhaga’aman, Lakkoofsota 1 – 9
adda baasuu, qaamoolee miiraa ni baarsiisa.
• Kaayyoon barnootichaa galma kan gahuu haala
qindawaan yoo dhiyaataniidha. Malli dhiyeessii haala
duraan ibsamaniitti ta’a.
Gurmaa’insa Sirna Barnootichaa
• Sirna barnootichaa
 Ji’a 8 keessatti ( torban 32 keessatti (800/25=
32)
 Wayitti barnootaa 5 guyyaatti, torbanitti
wayitii barnootaa 25, akka qabaatu taasifamee
kan qophaa’edha.
 Haala dhiheessii isaa malee sirna
barnootichaaf jijjiiramni hin taasifamne.
Gurmaa’insa Sirna Barnootich
• Qajeelcha barsiisaa hojiirra jiru torbee 32
hiruun raawwatameera.
• Galmeewwan adda addaa kaayyoo kana
galmaan gahuuf qopha’aniiru.
Sirna barnootichaa torbaniif hiruun maaliif
barbaachisee?
 Sagantaa qophii barnootaa saffisa ta’e bu’a qabeessa
taasisuuf;
 Leenjiin barsiistotaa gahaa ta’uu dhabuu irraan kan kahe
barsiisaa deeggaruuf
 Qophiin isaa yoo xiqqaate qindoomina (kaardii marii,
muuziqaa, oduu durii, tapha daree, ogummaa, tapha
dareen alaafi tapha dhuunfaa) kennama;
 Kunis daa’imman qabiyyee tokko miira adda addaa
dhiheessii adda addaatiin barumsicha bal’inaan akka
hubatan waan gargaaruuf sadarkaa barumsaa itti aanuuf
akka qophaa’aniif taasisa.
Taphni AkkaMala Ijoo Barsiisuu Da’immaniitii
• Tapha/Daa’imman Waliin Taphachuun
Guddina Isaanii Gama Hundaaf Gargaara.
o jabina qamaa (Physical Value)
o dudhaalee hawasummaa (societal Value)
o bilchina sammuu(cognitive Value),
o Amala gaarii horachuuf (Moral Value)
o Faayidaa Fayyaaf (Therapeutic value)
o Da’imman Bashannansiisuuf/Recreational value/
ƒ
o Faayidaa Barumsaaf /Educational value/
Taphni Malii?
• Daa’mman karaa gara garaatiin odeeffannoo
fudhachuu danda’u.
• Turtiin qalbeeffannaa/xiyyeeffannaa isanii
gabaabaa waan ta’eef, mala ibsaan/ ‘lecture’
yoo barsiifaman dhageeffachuu dhiisu.
• Taphoonni bashannansiisoofi hawwatoo yoo
ta’an, qalbeeffanna daa’immanii tursiisuun
mala al-kallattiin waa akka baratan taasisu
Akaakuu Taphootaa
• Taphonni Da’immanii bakka shaniitti
Qoodamu. Isaaniis
1. Tophootaa Sochii qaamaan taasifaman
2. Fakkeessanii Taphachuu
3. Tapha Barumsaa
4. Tapha Ijaarsaa
5. Tapha Tiyaatiraa
Horaa Bulaa!
KAROORA BARANNOO
Karoora osoo hin karoorsin dura dhimmoota xiyyeefannoo
argachuu qaban
1. Eenyuuf
• Sadarkaa bilchina sammuu daa’imanii
karoorfamuufi beekuu.
2. Maal
• Qabiyyee barachuu qaban adda baasanii beekuu.
3. Maalifi
• Kaayyoo barnootichaa adda baasanii beekuu.
4. Hangam
• Yeroo murtaa’e keessatti hammam akka kennamuuf
beekuu.
Itti fufa…..
5. Yoom
• Yeroo sagantaan itti raawatu adda baasanii beekuu.
6. Akkamitti
• Sagantichaaf barbachisaa kan ta’an malleeni fi
tooftaa dhiyeessii beekuu.
7. Eessatti
• Iddoo sagantichi itti raawwatamu beekuu.
8. Maalin
• Meeshaalee baru-barsiisuu sagantaa sanaaf
barbaachisoo ta’an addaan baasanii beekuu.
Samuuda Karoora Barannoo Torbee Kutaa O
• Maqaa Mana Barumsaa_____________
• Torbee 2ffaa Guyyaa________
• Maqaa Barsiisaa/tuu____________
• Garee(Balbala) Kutaa O tokko
• Gahumsaalee Barannootaa: Da’imman Barannoo kanaa Booda
 Qaama ala nafa namaa adda ni baasu… Wayi. 4
 Sagaleewwan adda addaa naannoo isaanii irraa dhufan adda ni
baasu…wayi. 2
 Bineeladoota ofiitti siksuu ykn fageessuu sagaleewwan gargaaran
adda ni baasu. Wayi 3
 Lakkoofsota (1-20) sagaleen ni waamu ….wayi 5
 Miiroota adda addaa fkn. Kan gammachuu, kan dinqisiisoo, kan
horiisaa, kan sodaa, kan gaddaa ni ibsu..wayi 4
 Naannoo jiraatan naannoo biroo wajjin ni madaalchisu…wayi. 4
 Fakkii fi bocaalee adda addaa tolchuuf meeshaalee fayyadan adda
ni baasu. Wayi 3
Karoora Barnoota Torbee
Lakk Gochaalee Wiixata Kibxata Roobii Kamisa Jimaata
Yeroo
Simannaa
Kardii Marii
Oduu Durii
Tapha Daree
Alaa
Shaakala
Gochaa
Ogummaa
Tapha Daree
Keessaa
Muziiqaa
Meeshaalee
Deeggarsaa
Iyyaafannoo
Karoora Barannoo Guyyaa(Daily plan) Keessatti
dhimmota Ijoo Haammatamuu Qaban

• Guyyaa keessatti wantoota raawwataman


barreessuu qabu.
• Tokko tokkoon qabiiyyee hojii jalatti wantootni
hojetaman ibsamuu qabu.
• Qabiyyewan hojii guyyaa guyyaan hojetaman
yeroon madalamaa demuu qabu.
• Qabiyyeen raawwii guyyaa keessatti madalame
wantoonni sirrachuu qaban yoo jiratan sagantaa
itti aanu keessatti akka fooyya’an taasisuu.
Samuuda Karoora Barannoo Guyyaa Kutaa O
• Guyyaa_____________
• Maqaa m/b ___________
• Maqaaa barsiisaa________________
• Torbee 2ffaa Gaafaa Wixataa
• Gahumsaalee Barnootaa:
 Maqaa qaama ala nafa namaa adda ni baasu
 Lakkoofsota (1-20) sagaleessanii ni waamu
 Miira adda adda fakkeessanii ni agarsiisu
 Fakkii fi bocaalee adda addaa tolchuuf meeshaalee
fayyadan adda ni baasu.
Karoora Barannoo Guyyaa…………
Wayitii Qabiyy Gahee Sa’aati Gahe Mala Meeshaa Iyyaafa
ee Hojii Barsiisa i e Barsiisuu lee DB nnoo
Guyyaa Da’im
manii
Kutaa dura siman
naa
Wayitii Kaardii marii
1ffaa
Wayitii Mata duree
2ffaa
boqonnnaa

Wayitii Lakkoofsa adda


baasuu
3ffaa
Wayitii Miira adda addaa
akkeessanii
4ffaa argisiisu
Wayitii Ogummaa gaarii
5ffaa
Qophii G/manaa
Uunka Gamagama Karoora Barannoo Guyyaa
• Guyyaa_____________ Maqaa m/b ________
• Maqaaa barsiisaa________Garee (Balbala)___
• Torbee 2ffaa Gaafaa Wixataa
 Qabiyyeen guyyaa akkamiitti Raawwate
 Yeroo itti aanuutti waantootni sirreeffamuu qaban
 Adeemsa Simannaa Da’immanii
 Gaggeessaa Da’immanii irratti waantoota raawwataman
 Yeroo Ciree waantoota raawwatamuu qaban
 Yeroo Boqonnaa Waantoota raawwatamuu qaban
 Yeroo Laqanaa Waantoota raawwatamuu qaban
 Yeroo rafiitii waantoota raawwatamuu qaban
 Adeemsa Barachuu Da’immanii (Fudhannaa)
 Itti fayyadama meeshaalee deeggarsa barnootaa
 Mala barsiisuu hojii irra oolchuu irratti maal faakkaata
 Adeemsa Iyyafannoo

You might also like