You are on page 1of 51

BOQONNAA 3

Seensa Icciitiiwwaan Utubaa Amantaa


Shananii
Hiikkaa Icciitii Mana Kiristaanaatti
• Icciitii jechuun dhokataa, dhoksaa, kan hin mul’anne, nama
hundumatti kan hin himamne jechuudha.
• Icciitiin bakka lamatti qoodama
1. Icciitiii dhala namaa
2. Icciitii mana kiristaanaa
• Inni jalqabaa icciitii biyyaa, icciitii maatii, icciitii hiriyyootaa, .
. . namoota muraasa gidduutti kan eegamudha.
• Inni lammeeffaan immoo kanarra adda kan ta’edha. Dhimmichi
dhoksaa osoo hin taane jechuun osoo dubbatamuu osoo
ibsamuu garuu kan bira hin ga’amne, kan hin qabamne,
sammuu dhala namaa ol kan ta’e jechuudha.
• Icciitii mana kiristaanaa keenyaas isa kanadha.
• Kanaaf manni kiristaanaa icciitii kan jettu hammam yoo
dubbatamee fi ibsame illee ogummaa fi beekumsa fooniitin bira
ga’amuu kan hin dandeenye barumsa amantaadha.
• Fakkeenyaaf icciitii Sillaasee yoo fudhatne, kutaan kun
tokkummaa fi sadummaa Waaqayyoo kan ittiin barannudha.
• Icciitiin kun hammam yoo dubbatamee fi ibsamellee sammuu fi
ogummaa keenyan bira gahuu kan hin dandeenye icciitii
guddaadha.
• Manni kiristaanaa icciitii hin dubbatamne hin qabdu.
• Kan dubbatamu garuu beekumsa fi ogummaa sammuutiin bira
ga’amuu fi qoratamuu kan hin danda’amne haadha
icciitiiwwaaniiti. “icciitiin Waaqayyoon fakkaachuu shakkii
tokko malee guddaadha” (1Xim 3:6) akkuma jedhame.
Utubaa
• Utubaa jechuun hundee mana tokko utubee dhaabu jechuudha.
• Manni amantaa keenya icciitiiwwaan kana utubaa jettee
waamuunshee manni utubaan cimee akkuma dhaabbatu
amantaan keenyaas icciitiiwwaan kanaan utubamtee waan
dhaabbattuf.
• Akkumas ijoolleen ishee amantoonni icciitiiwwaan kanaan
cimanii waan jiraataniif.
• Icciitiiwwaan kana shanan osoo hin qabatiin kan argame
laphee isaa jaalala Waaqayyootti abdii mootummaa
Waaqayyootti cimee hin jiraatu.
Walumaa galatti icciitiiwwaan kun shanan icciitii jedhamuun
isaanii
 Ogummaa fooniin qorannee bira ga’uu waan hin
danda’amneef
 Kanneen amananiif malee kannneen hin amanneef kan
dhokatan waan ta’aniif
 Taajajila argamuun kennaa hin mul’anne waan
argamsiisaaniif
Icciitiiwwaan Utubaa Amantaa Shanan
• Icciitiiwwaan utubaa amantaa shanan kan jedhaman taartibaan
1. Icciitii sillaasee
2. Icciitii foonummaa
3. Icciitii cuuphaa
4. Icciitii qurbaanaa
5. Icciitii du’aa ka’umsaa
 Icciitii Sillaasee – tokkummaa fi sadummaa Waaqayyoo kan
ittiin barannu
 Icciitii foonummaa – Nama ta’uu Waaqayyoo kan ittiin barannu
 Icciitii cuuphaa - waa’ee lammeeffaa dhalachuu kan itti barannu
 Icciitii qurbaanaa – waa’ee qulqulluu foonii fi ulfaata dhiiga
Gooftaa keenyaa kan itti barannu
 Icciitii du’aa ka’umsaa - waa’ee du’aa ka’uu fi dhufaatii
lammeffaa kan itti barannudha.
Qoqqoodama Icciitiiwwan Utubaa Amantaa Shanan
• Icciitiiwwaan kun namaaf kan hin kennamnee fi kan kennaman
jedhamanii bakka lamaatti qoodamu.

a. Namaaf kan hin kennamne –


• Icciitiiwwaan lama yoo ta’an isaaniis Icciitii sillaasee fi Icciitii
foonummaadha.
• Icciitiiwwaan kun lamaan gatii Waaqayyoodha, Waaqayyoof
qofa kan dubbatamanidha.
• Namaaf hin kennaman. Kana jechuunis gaheen keenya barannee
baruu fi amanuu irraa kan hafe akkas ta’uu qabdu jedhanii kan
nu dirqiisisan miti.
b. Namaaf kan kennaman:
• Kanneen hafan sadan (Icciitii cuuphaa, Icciitii qurbaanaa fi
Icciitii du’aa ka’umsaa) as jalatti ramadamu.
• Isaan kun galatni ulfinni guddaan isaaf haa ta’uuti Gooftaan
keenya Iyyeesuus Kiristoos fayyina dhala namaf jedhee kan
barsiiseefi gochaan kan nutti agarsiise yommuu ta’an nutis
akka sirna mana kiristaanaatti akka raawwannuuf kan nuuf
kennamanidha

Faayidaa Icciitiiwwaan Utubaa Amantaa Shanan Beekuu


• Amantaa keenya sirriitti beekuuf
• Shakkii fi ganumsa irraa fagaachuuf
• Amantaan jabaatanii qajeelummaa raawwachuuf
BOQONNAA 4
ICCIITII SILLASEE
Hiikkaa Icciitii sillaasee
• Sillaasee :- Sillaasee jechuun jecha gi’iizii “Sellesee” (sadii
taasise) jedhurraa kan bahe yemmuu ta’u sadanummaa, sadii
ta’uu, sadummaa addaa jechuudha.
• Sadummaa addaa jedhamuunsaa tokkummaas waan qabuufidha.
Kanaaf tokkummaa sadanummaa addaa qabu jedhama.
• Kanaaf Icciitii sillaasee jechuun dhokataa kan ta’e barumsa
waa’ee tokkummaa fi sadummaa Waaqayyo jechuudha.
• Icciitiin kun seensa iccitoota hundaa qofa osoo hin taane
hundeedhas. Sababni isaas maalummaa Waaqayyoo fi amaloota
isaa kan keessatti barannuu waan ta’eef.
• Sababni guddaan icciitii Sillaasee barannuuf tokkummaa fi
sadummaa Sillaasee beeknee, hubannee, Waaqayyoon kabajaa fi
Waaqummaa isaan waaqessuufidha.
Sadummaa fi Tokkummaa Waaqayyo
• Akkuma manni kiristaanaa keenya barsiistu Sillaaseen tokkos
sadiidhas.
• Tokko jedhamee sadii, sadii jedhamee tokko jedhama.

Sadanummaa Addaa Waaqayyoo


• Sadummaan Waaqayyoo isaan armaan gadiidha.
1. Sadummaa maqaa
2. Sadummaa qaamaa
3. Sadummaa hojii
4. Sadummaa haalawwanii
Sadummaa Maqaa
• Waaqayyo yeroo jennuu Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluu
jechuu keenyadha.
• Dogoggorri maqaa osoo hin jiraatiin Abbaan Abbaa akkuma
jedhame maqaansaa gara Ilmaatti yookiin gara Hafuura
Qulqulluutti hin jijjiramu. Osoo hin diigamiinis hanga bara
baraatti jiraata. Ilmis Ilma jedhama malee Abbaa, Hafuraa
Qulqulluu hin jedhamu. Hafurri Qulqulluunis Hafuura
Qulqulluu jedhama malee Abbaa, Ilma hin jedhamu.
• Waljijjirraa maqaa akka hin qabne phaaphaasiin Antsookiyaa
Aginaaxiwoos yeroo ibsu “Abbaan Abbaadha malee Ilmas
Hafuuraa Qulqulluus miti, Ilmis ilmadha malee Abbaas Hafuura
Qulqulluus miti; Hafuurri Qulqulluus Hafuura Qulqulluudha
malee Abbaas Hafuura Qulqulluus miti.” jedheera.
• Gooftaan keenyas “deemaatii alagoota maqaa Abbaa, Ilmaa,
Hafuura Qulqulluun cuuphaa...”(Mat 28:19) jedhee sadummaa
maqaa ifatti hubachiseera.
• Maqaan Sillaasee kun jalqabaa fi hundee osoo hin qabaatin
addunyaan osoo hin uumamiin dursee kan ture malee akka
maqaa waamichaa erga jiraatanii booda kan argame miti.
Sadummaa Qaamaa
• Sillaaseen qaaman sadiidha. Hundumtuu qaama ana jechisiisu
qabu. Abbaaf qaama gonkummaa, fuula gonkummaa, bifa
gonkummaa, Ilmaaf qaama gonkumaa, fuula gonkummaa, bifaa
gonkummaa, Hafuura Qulqulluufis qaama gonkumaa, fuula
gonkummaa, bifa gonkummaa qabu.
• Sadanummaan qaamaa Waaqayyoo ifatti kan beekame Gooftaan
keenya Iyyesuus Kiristoos galaana yoordaanositti yeroo
cuuphamudha. “Gooftaan keenya Iyyesuus erga cuuphamee
booda battalumaan bishaan keessa bahe; kunoo samiiwwan ni
banaman; Hafuurri Waaqayyos akka gugeetti osoo bu’uu
isarraas otuu dhufu arge, kunoo sagaleen samiirraa dhufee isaatti
kanin gammadu Ilmi koo kan ani jaal’adhu kanadha” jedhe. Mat
3:16-17
• Abbaan duumessarraan ilmi koo kan ani jaal’adhu kanadha
jedhee dubbachuunsaa, Hafuurri Qulqulluun kan argamu
fakkeenya gugeetiin bu’uun isaa, qaamasaa adda ta’een Ilmi
galaana yordaanositti argamuunsaa qaaman sadii ta’uusaanii ni
hubanna.
• Qulqulluun Gorgoriyos inni Inzinaazuu “hundumaa dursee
qaaman adda kabajaan tokkoo kan ta’u sadummaa ni barsiisna.
Isaan kunis Abbaa Ilma Hafuura Qulqulluudha. Sillaaseen
tokkummaa Waaqummaatiin adda bahu hin qaban, qaamonni
garuu amalamummaadhaan adda bahuun osoo hin jiraatiin tokko
tokkoon qaaman, fuulan, bifan, gonkaawaadha…” jedheera.
Sadummaa Hojii
• Sillaaseen hojiin sadiidha. Hojiin Abbaa dhalchuu, argamsiisuu,
hojiin Ilmaa dhalachuu, kan Hafuura Qulqulluu argamuu (bahuu)
dha.
• Abbaan Ilmaa waan dhalcheef dhalchaa Hafuura Qulqulluu waan
argamsiiseef argamsiisaa jedhama. Ilmi abbaarra waan dhalateef
dhalataa Hafuurri Qulqulluu Abbaa irraa waan baheef bahaa
jedhama.
• Kana jechuun garuu akka sirna uumama namaa yeroon kan wal
dursan miti. Abbaan Ilmaan baraan hin caalu Hafuurri
Qulqulluun Abbaarraa bahe jedhuun Abbaatiin qixxaatee
Abbaatiin fakkaatee abbaarraa argamee jechuudha.
• Fakkeenyaaf: - lubbuun namaa laphummaanshee jechashee
akkuma argamsiistu argamuun isaanii yeroodhuma tokko akka
ta’e Ilmi Abbaarraa dhalate jechuun Abbaa qixxaatee Abbaa
fakkaatee Abbaarra argame jechudha.
Sadummaa Haalawwanii
• Haala kan jedhu echa gi’iizin Kuneet jechuu yoo ta’u kunetat
jechuun immoo haalawwan jechuudha. Qaamonni sadan haalota
sadii qabu, haalawwaniin sadii ta’uunsaani abbootiin 318
walitti qabamanii turan keeyyata 1ffaarratti “qaaman,
haalawwaniin sadii kan ta’u, waaqummaadhaan tokko kan ta’u
maqaa Waaqayyootiin…” jedhaniiru.
• Haalawwan sillaasee kan jedhaman
 Laphummaa Abbaa
 Jechummaa Ilmaafi
 Afuurummaa Hafuura Qulqulluuti.
• Abbaan Ilmaaf Hafuura Qulqulluuf laphee isaanii (beekumsa
isaaniiti).
• Ilmi Abbaafi Hafuura Qulqulluuf jecha isaanii (kanittiin
dubbatan) dha.
• Hafuurri Qulqulluun Abbaafi Ilmaaf afuura baafannaa isanii
(lubbuu isaanii) dha.
• Sillaaseen laphummaa Abbaatiin ni beeku, jechummaa Ilmaatiin
ni dubbatu, Hafuura baafannaa (lubbummaa) Hafuura
Qulqulluutiin hanga bara baraatti ni jiraatu. Haalawwan
kunneen jiraachuutiin walsimatu.
Tokkummaa Waaqayyoo (Sillaasee)
• Waaqayyo Waaqummaan, bituun, uumuun, dabarsuun,
lapheen, jechaan, Hafuura baafannaan tokkodha.
• Waaqayyo maqaa tokkummaa Abbaa Ilmaa fi Hafuura
Qulqulluuti.
• Abbaan Waaqayyodha, Ilmi Waaqayyodha, Afuurri
Qulqulluun Waaqayyodha.
• Amantaa abbootii irratti Qulqulluun Atinaatiwoos “Abbaan
Waaqadha, Ilmi Waaqadha, Afuurri Qulqulluunis Waaqadha
Waaqa tokko jedhama malee Waaqota sadii hin jedhamu”
jedheera.
Tokkummaa Amalummaa
• Waaqayyo amalummaa isaatiin tokkodha. Amalummaa
jijjiiramus hin qabu.
• Qulqulluun Atinaatiwoos waa’ee tokkummaa amalummaa
Waaqayyoo yoo ibsu “Amalummaa isaatin tokko akkuma ta’e
sadummaa isaattis ni amanna, kunis Abbaa Ilmaa Hafuura
Qulqulluudha. kanaafuu qaamonni sadan amalummaa tokko qabu
ni jenna…” Waaqayyo amalummaa isaatiin uumee kan bitudha.

Tokkummaa Jiraachuu
• Jiraachuu jechuun tokko isa tokkoon jiraataa ta’uu ykn jiraachuu
jechuudha.
• Abbaan Ilmaafi Hafuura Qulqulluu keessa jira, Ilmi Abbaafi
Hafuura Qulqulluu keessa jira, Hafuurri Qulqulluus Abbaa fi
Ilma keessa jira. Tokko isa Tokkoon jiraataadha.
• Beekumsi (lapheen) Sillaasee Abbaadha; dubbiin (jechi)
Sillaasee Ilmadha, lubbuun (afuura baafannaan) Sillaasee
Hafuura Qulqulluudha.
• Qaamonni sadan jireenyaan, hubachuun, tokkodha jenna.
• Duuka bu’ichi Filiphoos “Abbaa nutti agarsiisiti nu ga’a.”
jechuun Gooftaa keenyaf gaaffii yoo dhiyeessu, “hanga har’atti
isin waliin jiraadhee na hin beektuu? Anaan kan arge Abbaa
argeera … Ani Abbaarra akkan jiru Abbaanis Ana irraa akka jiru
hin amantuu? Ani jechan isinitti himu mataa koorraa isinitti hin
himu; haa ta’u malee anarra kan jiraatu Abbaan inni hojiisaa
hojjeta” jechuudhaan tokkummaa jiraachuusaanii hubachiiseera.
Yoh 14:8-11
Tokkummaa Uumuu
• Waaqayyo uumaa hundumaati. Isaatiin ala uumaan gara biraa
hinjiru. Uumuudhaan tokkodha.
• “Waaqayyo samiif lafa uume” Uma 1:1
• “Maaloo ati durii kaastee lafa hundeessite samiiwwan hojii
harka keetidha.” Far 101:25
• “Waaqayyo akkas jedha samiin teessoo kooti; laftis ejjennoo
miila kootiti; manni isin naaf hojjettan kan akkamiiti? isaan
kana hundahoo harki koo hojjetteetti” Isa 66:1-2
Tokkummaa Aangoo /Taayitaa/
• Abbaa Ilmi Hafuurri Qulqulluun aangoodhaan tokkodha.
• Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis aangoodhaan tokko
ta’uusaanii yeroo ibsu “Anii fi Abbaan tokkoodha” jedheera.
Yoh 10:30
• Sillaaseen lapheen, jechaan, Hafuuran tokkodha. Qulqulluun
Daawitis yoo dubbatu “Garraamummaan Waaqayyoo lafa
guutte; Jecha Waaqayyoon samiiwwan dhaabbatan, loltoonni
isaas hunduu Hafuura afaan isaan” jedheera. Far 32:5-6
Ragaawwan Kitaaba Qulqulluu Waa’ee Icciitii Sillaasee
• Icciitiin Sillaasee hundee kan hin qabne seenaa afaanii osoo hin
taane hundee kan qabu kitaabaa qulqulluu dabalatee kitaabilee
abbootaan kan kabajamedha.

Kakuu Moofaa keessatti


• Kakuu moofaa keessatti icciitiin Sillaasee akka kakuu haaraa
ifatti osoo hin taane icciitii fi fakkeenyaan ibsamee argama.
• Haa ta’u malee kakuu haaraa keessatti ifaa ifaatti mul’achuuf
kan jiru icciitii Sillaaseef jalqaba ta’ee tajaajila. Mee muraasa
isaanii haa ilaallu.
1. Waaqayyos jedhe nama akka bifaa fi fakkeenya keenyaatti haa
uumnu. Uma 1:26
Caqasni kun Waaqayyo amalummaa isaan tokkummaa fi sadummaa
akka qabu nu barsiisa. Kunis “Waaqayyos jedhe” jechuun
tokkummaa isaa “haa uumnu” jechuun immoo sadummaa isaa nutti
agarsiisa.
2. Waaqayyo Gooftaan jedhe, kunoo Addaam gaarii fi hamaa
beekuuf nu keessa akka tokkoo ta’e. Uma 3:22
Tokkummaa isaa kan agarsiisu, “Waaqayyo Gooftaan jedhe”, kan
jedhu yommuu ta’u sadummaa isaa kan agarsiisu immoo “nu
keessa akka tokkoo ta’e” kan jedhudha.
3. kan biraan immoo Waaqayyoo tokkummaa fi sadummaa isaan
jaarsaa fakkaatee Abbaa keenya Abrahaamiif of ibsee kan
taphachiisedha. (Uma 18:1-33).
Tokkummaa isaa Sadummaa isaa
Waaqayyo . . . isatti mul’ate . . . kunoo namoonni sadii fuuldura
isaa dhaabbatanii arge.
. . . gara lafaatti kufee sagadee. . . Maloo Bishaan xiqqoon isiniif haa dhufu, miil’a
fuuldura keetti ulfina argadhee yoon ta’e keessan dhiqadha, muka kana jala boqodha.
garbicha kee bira hin darbiin.
Bukkeessi bixxillee hojjedhu Daakuu ba’eessa qodaa safara sadii qopheessi

Innis waggaa kana gara kee nan Isaanis haati manaa kee Saaraan
dhufa . . . eessa jirti jedhan
Waaqayyos jedhe ani kanin raawwadhu
Abrahaam jalaa nan dhoksaa?
Waaqayyoos Abrahaam waliin dubbii isaa
xumuree deeme
Kakuu haaraa keessatti
• Icciitiin Sillaasee kakuu moofaa caalaa ifatti kan mul’ate kakuu
haaraa keessattidha. Sababni isaas icciitiin nama ta’uu
Waaqayyoo kan mul’ate kakuu kana keessatti ta’uu isaafidha.
Caqasoota muraasa haa ilaallu:-
1. Gooftaan keenya Iyyesuus erga cuuphamee booda bishaan
keessa ba’e; kunoo samiiwwaan ni banaman; Hafuurri Waaqayyoos
bifa gugeetin osoo bu’uu isarras otuu ta’uu arge. Kunoo sagaleen
samiiwwan irraa dhufee isatti kanin gammadu kanin jaal’adhu ilmi
koo isadha jedhe. Mat 3:16-17
2. Egaan deematii alagoota hunda maqaa Abbaa, Ilmaa, Hafuura
Qulqulluun cuuphaa kanin isin ajaje akka eegan isaan barsiisaa
duuka bu’oota koo taasisa.”(Mat 28:19)
3. Mootummaa Waaqayyootti dhugaa kan ba’an sadiidha. Abbaa,
Ilmaa, Hafuura Qulqulluu isaan kun sadanis tokkodha. 1Yoh 5:7
Dubbii Abbootii Amantaa Tokkummaa Fi Sadummaa
Sillaaseef
1. Baasiliyoos Isa Qisaariyaa:-
“Waaqummaa qaamoota sadanii tokkumma isaanii beekuu qabna.
Kan isaa kana tahu waaqummaa tokko tokko gochuun walhaa
simsiisnu. Ilmi Abbaa irraa dhalateera. Hafuurri Qulqulluunis
Abbaa irraa argameera. Abbaan Ilma, Ilmis Hafuura Qulqulluu
utuu hin dursiin Ilmi Abbaa irraa dhalachuu isaan, Hafuurri
Qulqulluunis Abbaa irraa bahuun isaa waaqummaan Sadummaa
uumaa keenyaa tokko ta’a.”
2. Yohannis Isa Iyyerusaalem:-
“Waaqa tokko jennee kan sagadnuuf qulqulluun Sillaasee
amalummaa Waaqummaan tokko ta’uu isaani ni amanna. Isaan
kunis Abbaa Ilma Hafuura Qulqulluu dha. Isaan kunis qaamonni
sadan fuulan dhugaa yikn Qulqulluu akka ta’an aangoon, amalaan,
bara dursanii jiraachuun, gooftummaan, uumuun, osoo hin
jijjiiramiin jiraachuun tokko akka ta’an ni ammanna. Kana akkas
jedhee kan hin amanne nuti ni abaarra.”
3. Qeerloos isa iskindiriyaa:-
“Waaqummaa tokko, amala tokko, humna tokko, yaada tokko,
Gooftuummaa tokko, ulfina tokko durii jalqabee kan ture
dursummaadhaan tokkodha. Qaamoota sadaniin, fuula sadaniin
dhugaa dha. Gurguddoota miti, kana hin ummamne dha.
Dadhabiin kan isaaniif hin taane kan hin jijjiiramne dha. Dur,
argamuuf baraaf xumura hin qaban. Abbaa Ilma Afuuraa
Qulqulluu qaamaan sadii amalaan tokko dha jedhani iamanuun
kanadha; Kan hin qoratamne jalqaba kan turedha.”
4. Tewoodosiyoos Isa Iskindiryaa: -
“Qaaman, fuulan sadii dha; Waaqummaan tokko dha. Qulqulluu
Sillaaseen tokko dha. bulchiinsa tokko, gooftummaa tokko,
Waaqummaa tokko, mootummaa tokko amala isaaniidha. Abbaan
Ilma irraa adda bahe kan jiraate, jiraatee jiraatee Ilmaan kan
dhalche, Hafuura qulqulluu bara itti argamsiise hin jiru. Abbaa
Ilmi Afuurri Qulqulluu jalqaba kan turanidha. Ilmi Waaqa Abbaa
irraa dhalate, Afuurri Qulquulluunis Abbaa irraa argame,
qulqulluun Sillaasee kan hin uumamne dha.”
5. Saawroos isa Antsookiyaa :-
“Qaamoonni sadan ulfinaan bifaan qulqulluu ykn gonkummaawaa
/dhugaa/ dha. Fuulonni sadan ulfinaan, ifaan tokkodha, amalaan
tokko dha, jilgeeffachuun tokkodha, aangoodhaan tokkodha,
waaqummaadhaan tokkodha, galateeffamuudhaan tokkodha, akka
namoonni amanaman amananitti… qaamota sadan keessaa waliif
bitamuun, hidhachuun, hiikuun hin jiru, aangoo Waaqummaadhaan
inni tokko isa tokko hin caalu. Inni tokko isa tokko aangoo
isaadhaan akka ergamaatti ajajuu hin danda’u. Ulfina waaqummaa
tokkoon, bulchuun amala uumaa hundumaa kan tahu amala
ogummaa yookaan beekumsaan tokkodha malee.”
Fakkeenyoota Sillaasee
Iccitii Sillaasee fakkenyaan barsiisuun ni danda’ama moo hin
danda’amu?
• Abbootiin tokko tokko Sillaaseen amalummaa isaan dhokataa
kan hin qoratamne waan ta’eef fakkeenyaan barsiisuun
dhimmicha waan salphisuuf hin ta’u jedhu.
• Abbootni baay’een immoo fakkeenyi waan itti fakkeeffamuun
gad yoo ta’us fakkeenyaan barsiisuun ni danda’ama jedhu.
• Kanaafis galatni fi ulfinni guddaan isaaf ta’uuti Gooftaan
keenya Iyyeesuus Kiristoos fakkeenyaan barsiisuu isaa
bu’uura taasifatu. “dhagahu hanga isaan danda’anitti
fakkeenyaan sagalee isaa isaanitti hima ture.” (Mar 4:13).
• Kanaaf kan isatti fakkeeffamu kan hin jirre dhokataa fi
sammuu dhala namaa ol kan ta’e amalummaa Sillaasee,
fakkeenyi waan itti fakkeffamu sanaa gadidha jennee, akka
sammuun dhala namaa hubachuu danda’utti abbootni keenya
icciitii kana ibsuuf kan itti fayyadaman muraasa isaanii akka
armaan gadiitti ilaalla.

1. Lubbuu namaa:
• Lubbuun namaa tokko yommuu taatu haalawwaan sadii of
keessa qabdi. Isaanis
 Laphee ta’uu
 Jecha ta’u
 Hafuura ta’uu
• Haa ta’u garuu lubbuu sadii hin jedhamtu. Kanaafidha namni
yaaduu, dubbachuu fi bara baraaf jiraataa ta’uu kan danda’e.
• Laphummaan fakkeenya Abbaa jechummaan kan Ilmaa
Hafuurummaan ishee immoo fakkeenya Hafuura Qulqulluuti.
• Laphummaan namaa jechummaasaa fi hafuurummaasaa
argamsiisa malee jechummaansaa laphummaasaa fi
afuurummaasaa hin argamsiisu; hafuurummaansaas
laphummaasaafi jechummaasaa hin argamsiisu. Lubbuun yeroo
argamtu sadanummaasheetiin yeroo tokkotti argamte malee
laphummaan dursee jechuummaanshee fi afuurummaanshee
boodarra hin argamne.
• Akkasumas Abbaan Ilmaan dhalche Hafuura Qulqulluu baase.
Abbaan Ilmaan yoo dhalchu Hafuura Qulqulluu yoo baasu isaan
hin dursu.
2. Biiftuu:-
Aduun (biiftuun) tokko yommuu taatu haalota sadii qabdi. isaanis
geengoo (qaama), ifaafi ho’a dha.
 Geengoo Abbaatti fakkeeffama
 Ifaa Ilmatti fakkeeffama
 ho’a Hafuura Qulqulluutti fakkeeffama
• Geengoo isaatiin ifaa fi ho’a isaa yeroo tokkotti ni argamsiisa.
• Akkasumas geengootti kan fakkeeffame Abbaan ifatti kan
fakkeeffame Ilmaafi ho’atti kan fakkeeffame Hafuura Qulqulluu
ni argamsiisa.
• Geengoon yeroo argamu yeroo tokkotti osoo wal hin dursiin ifti
fi ho’i akkuma waliin argaman, Abbaan Ilma Hafuura Qulqulluu
yoo argamsiisu isaan hin dursu hin caalus.
3. Ibidda: -
Ibiddi tokko yommuu ta’u haalota sadii qaba. Isaanis labooba,
ifaa fi ho’adha.
 Laboobasaatti Abbaa
 Ifa isaatti Ilma
 Ho’a isaatti Hafuura Qulqulluutu fakkeeffama.
• Laboobni isaa ifaafi ho’a argamsiisa. Laboobni isaa yoo
argamu iftis ho’is yeroo tokkotti argamu.
• Akkasumas laboobatti kan fakkeeffame Abbaan ifatti kan
fakkeeffame Ilmaan ho’atti kan fakkeeffame Hafuura
Qulqulluu argamsiisa; isaan hin dursu hin caalus.
Dubbii Hafuura Qulqulluu
• Hafuurri Qulqulluun qaamota sadan Waaqayyo keessa tokko
akka ta’e barannerra.
• Haa ta’u malee jaarraa 4ffaa eegalee Hafuurri Qulqulluun qaama
kan hin qabne kan hin qabamne humnaa fi uumamadha jedhee
kan ka’e fi bara 318tti abbootni keenya Qusxinxiniyaatti walitti
qabamuun mana kiristaanaa irraa kan adda isa baasan ganticha
Meqdooniyoos irraa kaasee Waaqummaa Hafuura Qulqulluu kan
hin fudhatne hafteen ganticha kanaa baay’etuu jiru.
• Akkasumas ofii isaanii nama hafuura osoo hin ta’iin hafuura ni
guutna jechuun humna fi hojii Hafuura Qulqulluu hojii hafuura
xuraawaan jijjiiruun namoota duratti akka qajeeltotaatti kanneen
lakkaa’amanis jiru.
• Kana sababa taasifachuun maalummaa Hafuura Qulqulluu
qofaatti gad fageenyaan ilaalla.
• Gochaawwaan armaan olii kun kennaa fi hojii Hafuura
Qulqulluu wallaluu irraa kan ka’e barsiisa dogongoraa Hafuura
Qulqulluu irratti raawwatamanidha.
• Akka hin dogongorre! Hafuurri Qulqulluun kan dhufu kabajaaf,
kennaaf, . . . waluma galatti hojiiwwaan Hafuuraa nu
raawwachiisuuf malee nu iyyisiisuuf, waan namni tokko illee
dhaga’uu hin dandeenye nu dubbachiisuuf miti.
• Isaan kana kan taasisu immoo immoo Hafuura Qulqullluu miti.
Manni kiristaanaa haala kanaan hojjeettus hin jirtu.
• Duuka buutichi Qulqulluu Yohaannis erga isaarratti, “yaa
michoota koo hafuura hunda hin amaniina! Haa ta’u garuu
hafuuronni Waaqayyo irraa akka ta’e qoradha; raajonni
sobduun baay’een gara addunyaatti bahaniiru waan ta’eef”
(1Yoh 4:1).
• Kanaaf waa’ee Hafuura Qulqulluu beekumsa sirrii qabannee
jiraachuutu nurra eegama.

Hafuura yeroo jennu maal jechuu keenya?


• Hafuura yeroo jennu qaama fooniin qabamuu kan hin
dandeenye, ija fooniin argamuu kan hin dandeenyefi kan hin
qoratamne dhokataa jechuudha.
• Kitaabni qulqulluu lubbuu namaa, ergamoota, diyaabilosii fi
ergamoota isaa hafuura jedhee waama.
Lubbuu namaa
• Kitaaba Iyoob irratti “Hafuurri nama hundaa harka isaarradha”
(Iyob 12:10) yeroo jedhu hafuura yeroo jedhu lubbuu jechuu
isaati.

Ergamoota Qulqullaa’oo
• Qulqulloonni Ergamootni Waaqayyos ija fi qaama fooniin kan
hin argamnee fi hin xuqamne waan ta’eef kitaabni qulqulluu
hafuurota jedhee isaan waama.
• “hundumtuu fayyina argachuuf kan jiran gargaaruuf kan
ergaman, kan tajaajilanis hafuurota mitii?”(Ibr 1:14) akkuma
jedhu. Mootichi Daawitis “ergamoota isaa hafuurota kan
taasisu” jedheera. (Far 103:4).
Diyaabiloos
• Diyaabiloos ergamoota isaa waliin humna fi kabaja isaanitu irraa
fudhatame malee uumama isaaniin akka ergamoota qulqullaa’oo
kan hin mul’anne waan ta’aniif hafuurota jedhamu. “hafuuronni
xuraawon sagalee guddaan iyyaa namoota baay’ee irraa bahaa
turan.”(HoE 8:7) akkuma jedhu.
• Hojiiwwaan xuraawoon hafuurota xurawoo kanaan
raawwataman baay’eedha. Hojiiwwaan xurawoo kun hafuuran
kan raawwataman jedhamanii waamamu. Fkn: hafuura hinaaffaa
(Bau 5:14), hafuura hin amanamne (1Yoh 4:3), hafuura
hamminaa (Abbootii murtii 9:23), hafuura hirribaa (Isa 29:10),
hafuura sobaa (1Mot 22:22-23).
• Walumaa galatti akka barsiisa mana kiristaanaatti hafuurri bakka
lamaatti qoodama. Isaanis
1. Hafuura Qulqulluu fi
2. Hafuura xuraawaadha.
Hafuurri Qulqulluu eenyudha?

A. Hafuurri Qulqulluu Waaqayyodha


• Manni kiristaanaa keenya kitaaboliin qulqullaa’oon akkuma
dhugaa bahanii fi abbootiin keenyas akka barsiisan qaamota
sadan Sillaasee keessa qaama kan qabu Hafuurri Qulqulluun
Waaqayyo akka ta’e dhugaa baati.
• “Abbaa irraa kan ba’e Abbaa fi Ilma waliin tokko kan ta’e
Hafuura Qulqulluutti ni amanna” (amantaa abbotii kan
Zakkaariyaas).
• Kana jechuun Hafuura Qulqulluun alatti kan argame uumamni
tokkoyyu hin jiru jechuudha. sababnisaas Sillaaseen uumuun,
Waaqummaan, bituun tokko waan ta’eef.
• Mootichi Daawitis “jecha Waaqayyon samiiwwaan jabaatan;
loltoonni isaa hundis Hafuura afaan isaan” (Far 32:6) yeroo
jedhu Waaqummaa fi uumaa ta’uu Hafuura Qulqulluu agarsiisa.
• Galanni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta’uuti Gooftaan keenya fi
fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon Dubroo Maariyaamii
irraa uffatee lafarra yeroo deddeebi’u namni tokko ganumsa
irraa gara amantaa sirriitti yeroo deebi’u cuuphaa inni
cuuphamuu qabu yeroo barsiisu Waaqummaa Hafuura Qulqulluu
hubachiiseera. Akkas jechuun:
• “egaan deematii alagoota hunda maqaa Abbaa, Ilmaa, Hafuura
Qulqulluun cuuphaa kanin isin ajaje akka eegan isaan barsiisaa
duuka bu’oota koo taasisa.”(Mat 28:19)
• Abbaan Waaqayyodha, Ilmi Waaqayyodha, Afuurri Qulqulluun
Waaqayyodha. (amantaa abbootii kan Ateenatewoos).
B. Hafuurri Qulqulluu qaama kan qabudha.

• Waaqayyo qaaman sadii yommuu ta’u Waaqummaan garuu


tokkodha. Qaamni kunis akkamidha yoo jedhan:
• Abbaan qaama gonkummaa, fuula gonkummaa, bifa
gonkummaa, Ilmi qaama gonkumaa, fuula gonkummaa, bifaa
gonkummaa, Hafuura Qulqulluunis qaama gonkumaa, fuula
gonkummaa, bifa gonkummaa qabu.
• Kanaaf Hafuurri Qulqulluus humna qaama hin qabne osoo hin
taane qaama gonkawaa kan qabudha Qaama yeroo jennu akka
keenya kan mul’atu osoo hin taane kan hin mul’atnedha.
• “gara samiitti yoon bahe ati achis jirta, gara galaana keessa yoon
fagaadhes ati achis jirta.” (Far 38:8).
• Hafuurri Qulqulluu akka qaama qabu kitaabni qulqulluun sirritti
nu hubachiisa. Fkn
• Kitaabilee seeraa irraa yoo eegalle, Qulqulluu Sillaaseen abbaa
keenya Abrahaamiif tokkummaa fi sadummaan yeroo mul’atetti
qaamota sadan keessa tokko Hafuura Qulqulluu ture.
“Waaqayyos isatti of mul’ise; ijasaa ol kaasee kunoo namoonni
sadii fuuldurasaa dhabbatanii arge”(Uma 18:1-2)
• Gooftaan keenya yeroo cuuphamu Hafuurri Qulqulluun bifa
gugeetin akka mul’ate ilaalleera. (Mt 3:16). Haa ta’u garuu
gugeedha jechuu keenya miti. Sababni isaa bakka biraattis bifa
ibiddaanis mul’ateera. (HoE 2:1-4). Qaama qabachuu isaa nutti
agarsiisa.
• Bakka biraattis Hafuurri Qulqulluu Hafuura qaama qabu waan
ta’eef “Isa” jedhame ibsamera. “inni Abbaa irraa kan ba’u
Hafuurri dhugaan yeroo dhufu waa’ee koo dhugaa ni ba’a” (Yoh
16:13).
• Hafuurri Qulqulluun kan qaama hin qabnedha osoo ta’ee duuka
bu’oonni Gooftaa keenya murtii sinoodoosii isaanii duraan
dabarsan irratti “nu’i fi Hafuurri Qulqulluun eyyemneerra” (HoE
15:28) jedhanii hin dubbatan turan. Qaamota sadan keessa
qaamni tokko Hafuurri Qulqulluun amalummaa Waaqaa waan
ta’eef nu’i fi Hafuurri Qulqulluun eyyemneerra jechuu isaaniiti.
• Tokkos daballee ilaaluuf, Hafuurri Qulqulluun duuka bu’ootaaf
ajaja dabarsuu isaa Luqaas akka kanaatti barreesseera. “Hafuurri
Qulqulluun Bernaabasii fi Saa’olin hojii ani isaan waamef adda
naaf baasa jedhe” (HoE 13:2).
C. Icciitii Kan Ibsudha
• Hafuurri Qulqulluun Waaqa kan fagaate dhiyeessee, kan hin mul’anne
guddisee, kan dhokate ifa baasee abbootii keenya raajotaa fi beektota
mana kiristaanaa raajii adda addaa dubbachiisee fi kitaabota akka
hiikaniif icciitii isaaniif ibsaa turee fi ammas kan ibsudha. “Hafuurri
garuu icciitii dubbata”(1Qor 14:2).
• Haati keenya Dubroon Maariyaamii erga gammachiisaa fi galatoo
ergamichaa akkuma dhageesseen Eelsabexin nagaa gaafachuuf deemtee
mana Eelsabexitti argamte. Eelsabex sagalee Dubroo Maariyaamii
yeroo dhageessu Hafuura Qulqulluun guutamtee haadha Gooftaa
keenyaa ta’uu Dubroo Maariyaamii hubatte. Kana booda “ati
dubartoota keessa kan eebbifamtedha; firiin gadameessa keetis kan
eebbifamedha” jettee galateeffatte. (Luq 1:42). Akkasumas ta’uu
Waaqayyoo eeggachaa kan ture Simi’oon manguddichi nama qajeela
Hafuurri Qulqulluun irra bule waan tureef mana qulqullummaatti
argamee Gooftaa keenya haadha keenya irraa fuudhee baatee raajii
isaafis haadha isaafis dubbate.(Luq 2:34-35).
• Icciitiin dinqisiisaan kun lamaan kan raawwate icciitii ibsaa kan
jedhame Hafuura Qulqulluutini.
D. Jajjaabeessadha
• Pheraaqilixoos jecha giriikii yemmuu ta’u Hafuura Qulqulluu
jechuudha. innis hiikkaa jajjabeessaa, qulqulleessaa, ibsaa,
tasgabbeessaa, cubbuu haqaa, . . . jedhu qaba. Kabajni fi ulfinni
guddaan isaaf haa ta’uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos
Hafuurri Qulqulluu kan jajjabeessu ta’u isaa akkas jechuun
dubbateera. “Abbaan maqaa kootiin kan ergu jajjabeessaa kan
ta’e Hafuurri Qulqulluun inni hundumaa isin barsiisa.”(Yoh
14:16).
• Kanaaf Hafuurri Qulqulluun jajjabeessadha. Kiristaanonni
sababa amantaa isaanii gidiraan yeroo isaan qunnamu obsaan
qabsuura isaanii akka raawwatan isaan jabeessa. Akkasumas
bareedina addunyaa kanaa tuuffatanii gadaamii galan,
amantootnis yeroo hundumaa amantaa isaaniitti cimanii akka
jiraataniif isaan jajjabeessa.
E. Kennaa kan kennudha
• Hafuurri Qulqulluun abbaa fi argamsiisa kennaa hundumaati.
Hafuurri Qulqulluun tokko haa ta’u iyyu malee kennaawwaan
isaa garuu adda addadha. (1Qor 12:4). Miseensonni mana
kiristaanaa dhalatanii guyyaa 40 fi 80ffaatti cuphaatiin Sillaasee
irraa mucummaa kennaa yeroo argatan irraa kaasee Qulqulluun
Phaawuloos akkuma dubbate kennaa Hafuura Qulqulluu adda
addaa argachaa jiraatu. Rakkoon kennaa ofii beekuu jiraatus
garuu kennaa Hafuura Qulqulluu kan hin huffanne hin jiru. (HoE
2:38). Raajichi Isaayyaas kennawwaan Hafuura Qulqulluu
akkasitti tarreesseerra. “Hafuurri Waaqayyo hafuurri ogummaa fi
hubannaa, hafuurri gorsaafi humnaa, hafuurri beekumsaafi
Waaqayyoon sodaachuu isarra buufata” (Isa 11:2).
BOQONNAA 5
ICCIITII Foonummaa

You might also like