You are on page 1of 5

Dubbii ‘Ijaarsaaf Tolu’ Dubbadhaa

Kutaa 1ffaa

Maqaa Abbaa kan Ilma Afuraa Qulqulluu Waaqayyo tokko ni amanna ameen.

Ammallii osoo hin beknee nu qabatee cubbuu guddaa nutii ta’a jiru kessaa tokko arrabsoo dha.
Kiristaanii nama hin arrabsuu ni arrabsamaa malee. Kanaafuu maloo yaa matii Waaqayyoo
mee barreeffama kana irraa waa baraanna lataa? Arrabsoo jechuun, maqaa balleessuufi dubbii
nama miidhu dubbachuu ykn salphisuu jechuudha. Arrabsoo karaa lamaan ilaaluu dandeenya.
1. Afuraa qulqulluu arrabsuu. 2. Ammaaluma keenyan afaan arraabsuu qabachuu.

1. Afuraa qulqulluu arrabsuu

Maddi hafuura qulqulluu Waaqayyo waan ta’eef, hafuura sana mormuudhaan waa dubbachuu
jechuun Waaqayyoo mormuu jechuudha. Beekaa waan hamaa akkasii dubbachuufi qalbii
geddarachuu dhiisuun cubbuu dhiifama hin qabnedha. Haalli Goftaan keenya Iyaasuus dhimma
kana itti dubbate, namoonni cubbuu akkasii hojjetan warra ta’e jedhanii hojii hafuura qulqulluu
morman ta’uusaanii argisiisa. Fariisonni Iyaasuus Kiristoos hafuura Waaqayyotiin
gargaaramee dinqii akka hojjete utuma arganii, dinqiin kun humna Seexanaatiin hojjetame
jechuudhaan hafuura qulqulluu arrabsaniiru. Kanaaf Iyaasusu kiristoos: “Eenyu illee hafuura
qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta’a
malee, bara baraan dhiifamuu hin argatu” jechuudhaan dubbateera.—Maarqos 3:20-29.
Waa’ee afuraa qulqulluu arrabsuu ilaalchisee gara funduraatii waliin barana. Ammaf gara
dhimmaa lammaafatii dabaraa.

2. Ammaaluma keenyan afaan arraabsuu qabachuu.

“Dubbii [ijaarsaaf tolu] . . . malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in!”Efesoon 4:29.

Dandeettii yaada ofii karaa warri kaan hubachuu danda’aniin dubbachuu Waaqayyoo isa “kennaan
gaariin hundinuu, kennaa guutuun hundinuus” isa biraa maddurraa arganne. (Yaaqoob 1:17) Kennaan
kun ilmaan namootaa bineensotarraa adda kan nu taasisu yommuu ta’u, yaada keenya qofa utuu hin
ta’in miira keenyas warra kaaniif ibsuuf nu dandeessisa. Dubbiin dantaa dhabuun dubbatamu warra
kaan yeroo dhiphisuufi miidhu Waaqayyo baay’ee gadda!

Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf, dandeettii dubbachuu kana karaa qaamni kennaa kana nuu kenne
akka itti fayyadamnu barbaaduun gargaaramuu qabna. Waaqayyon dubbiin isa gammachiisu kan
akkamii akka ta’e ifatti dubbateera. Macaafni Qulqulluun, warra dhaga’uufis ayyaana kan kennu malee,
dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in!” jedha. (Efesoon 4:29)

Mee amma arraba keenya to’achuun kan barbaachisu maaliifi akka ta’e, dubbii akkamii
dubbachuurraa fagaachuu akka qabnuufi ‘dubbii ijaarsaaf tolu’ dubbachuu kan dandeenyu
akkamitti akka ta’e haa ilaallu.
ARRABA KEENYA TO’ACHUU KAN QABNU MAALIIFI?

Sababii guddaan arraba keenya to’achuun barbaachisu, wanti dubbannu humna waan
qabuufidha. Fakkeenyi 15:4 akkas jedha: “Arrabni dubbii nama suphu dubbatu muka jireenyaa
ti; arrabni dubbii mimicciiru garuu yaada namaa cabsa.”* Akkuma bishaanni biqiltuun xoolage
akka lalisu godhu, arrabni dubbii nama suphu dubbatus namoota dhaggeeffatan haaromsa.
Arrabni dubbii mimicciiru garuu yaada namaa cabsuu danda’a. Dhugumayyuu, dubbiin arraba
keenya keessaa ba’u humna warra kaan madeessuu ykn fayyisuu qaba.—Fakkeenya 18:21.

Fakkeenyi garabiraanis, humna dubbiin qabu ilaalchisee, “Dubbiin gar-malee dubbatamu akka
billaa nama waraana” jedha. (Fakkeenya 12:18) Dubbiin garmalee dubbatamu miira
namootaarratti madaa cimaa uumuusaarrayyuu, michummaa balleessuu danda’a. Dubbii namni
tokko dubbateen yeroo garaankee itti madaa’e jiraa? Fakkeenyumti kun faayidaa arrabni
argamsiisu ilaalchisee, “arrabni ogeessaa garuu in fayyisa” jedha. Dubbiin namni ogummaa
Waaqayyoo calaqqisu dubbatu, garaa madaa’e fayyisuufi michooma deebisee cimsuu danda’a.
Dubbiin gaarummaan dubbatame humna cimsu akka qabu yeroon itti hubatte jiraa? (Fakkeenya
16:24) Wanti dubbannu humna akka qabu waan beeknuuf, arraba keenyaan namoota fayyisuuf
malee miidhuuf itti fayyadamuu hin barbaannu.

Yaa saba koo kayyoon mata dure kanaa filaadheef isiinif ni galaa jedheen abdaadha. Yeroo
amma kanaa wanti nutii argaa jiruu hundi bayyee nama sodachisaa deemaa jira. Waan nama
dhibbuu dhaloonni amma dhufee gafuuma dhalattu eegale arrabsoon afaan hikkaacha jira.
Dabalataa ammo nutii maqaa keenya fi arraabni keenya wal argachuu dhabuu irraan kan
ka’eedha. Kiristaana jechuun kiristoos fakkachuu jechudha. Garuu arrabnii keenya bofa
fakkachaa demma jira. “nutii kiristaana waan taneef kiristoos fakkachuu qabna. Namni nama
arraabsuu ammo amaala sexaanna kan hordofuu waan ta’eef araaba bofa jechudha”

Arrabaa keenya keessa kan bahu maalif to’aachu dadhaabne?

Kutaa 2ffaa

Maqaa Abbaa kan Ilma Afuraa qulqulluu Waaqayyoo tokko ni amanna ameen.

“Namni beekumsa adunyaas ta’e beekumsa mana amantaa qabu nama hin arraabsu. Nama
arrabsoon kan sammuun duwwaa ta’ee yokkaan kan sammuun isaa Dabiloos adoochee qofa
dha.”

Baruumsa keenya kutaa darbee kessatti waa’ee arraabson mata dure godhaane

- Dubbii ijaarsaf tolu dubbaadha

- Afuraa qulqulluu arrabsuu

- Ammaaluma keenyan afaan arraabsuu qabachuu


- Sababoota arrabaa keenya to’achuun nu barbachisee kessaa tokkofaa kuta tokko jalatti ilaalee
ture hardha lamaffaa irraa eegala

Dubbii sirriin nama haaromsa

Carraaqqii cimaa goonus, guutummaatti arraba keenya to’achuu dhisuu dandeenya. Kanaaf,
sababiin inni lammaffaan arraba keenya to’achuun kan nu barbaachisu maaliif akka ta’e ibsa:
Cubbuufi mudaa waan dhaalleef, karaa sirrii ta’een arraba keenyatti akka hin fayyadamne
dhiibbaa nurratti godha. Dubbiin garaa keessaa waan madduuf, ‘wanti namni garaasaatti yaadu
hamaadha.’ (Uumama 8:21; Luqaas 6:45) Kanaaf, arraba ofii guutummaatti to’achuun
carraaqqii cimaa gochuu gaafata. (Yaaqoob 3:2-4) Kun ulfaataa ta’us, karaa itti fayyadamnu
fooyyessuuf carraaquu dandeenya. Akkuma namni bishaan asii ol daaku dha’a bishaanichaa
mo’uuf qabsaa’u, nutis arraba keenyatti karaa sirrii hin taaneen akka itti fayyadamnu dhiibaa
nurra ga’u mo’uuf yeroo hundaa carraaquu qabna.

Namni tokko Wantaa dubbatuuf Waaqayyoo duratti hangam itti gaafatama? Sababii sadaffaan
arraba keenya to’achuu nu barbaachisummoo, Waaqayyon wantoota dubbannuuf kan nu
gaafatu ta’uusaati. Haalli arraba keenya itti fayyadamnu hariiroo namootaa wajjin qabnu qofa
utuu hin ta’in, hariiroo Waaqayyo wajjin qabnus kan tuqudha. Yaaqoob 1:26 akkas jedha:
“Namni, nama amantii qabu of se’ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba
malee, amantiin isaa waa’ee hin baasuuf.” Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, haalli itti
arraba keenyaan fayyadamnu waaqeffannaa keenyaa wajjin kan wal qabatedha. Arrabni keenya
to’annaa kan hin qabneefi dubbii akka summiitti nama miidhu kan dubbatu taanaan, carraaqqiin
Waaqayyoon tajaajiluuf goonu kamiyyuu isa biraatti waa’ee hin baasu. Wanti kun dubbii
keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu akka qabnu kan argisiisu mitii?—Yaaqoob 3:8-10.

Dandeettii dubbachuu nuu kennametti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuurraa of qusachuuf
sababii cimaa kan qabnu ta’uunsaa ifaadha. Karaa ijaarsaaf toluun arraba keenyaan akkamitti
fayyadamuu akka dandeenyu mari’achuu keenya dura, dubbii Kiristiyaanni dhugaa tokko
dubbachuu hin qabne haa ilaallu. Eega yaa kiristaannota dhimmi kun yeroo bayyee numaa
irratti bayyaacha jira. Mee akkaa fakkeenya maqaa “Yaa Maariyaam lij” jedhuu tokko qabanee
garuu arraaba keenya kessaa kan bahu “ Yaa Dabiloos lij” akka jedhaamnu maaf hojaana?
Arraaba qaraa lama qabu banne demmun kun maalif barbaachisee?

Kiristaana eerga jedhamne dhimma nama arrabsuu irraa gonkummaayyu faggachu qabna. Hin
fagannuu tanaan garuu akkanumaaf jennee jiraana akkanumaaf jenne kiristaana tanee malee
gonkumma nuti muca Maariyaam yokkan mucaa Gabriel jedhamuu hin dandeenyu. Arraaba kee
to’adhu dursa Sanaa boddee kiristaana ta’uf ni tattafana waan ta’eef.
Kiristanummaa fi arrabsoo

kutaa 3ffaa

“Namni beekumsa adunyaas ta’e beekumsa mana amantaa qabu nama hin arraabsu. Nama
arrabsoon kan sammuun duwwaa ta’ee yokkaan kan sammuun isaa Dabiloos adoochee qofa
dha.”

Baruumsa keenya kutaa darbee kessatti waa’ee arraabson mata dure godhaane

- Dubbii ijaarsaf tolu dubbaadha

- Afuraa qulqulluu arrabsuu

- Ammaaluma keenyan afaan arraabsuu qabachuu

- Dubbii sirriin nama haaromsa

- Arraba keenya to’achuu kan qabnu maalif kan jedhaan ilaalee ture. Hardhaa immo kutaa
sadaaffaa kessattii ammo dubbii nama diigu jeene eegalaa. Sababoota arrabaa keenya
to’achuun nu barbachisee kuttaawwan darbaan kessattii walliin eegalee ture. Hardhaa ammo
kutaa sadaaffa wallin eegala waan ta’eef dubisaa hirriyoota kessaniin gaha.

DUBBII NAMA DIIGU

Yeroo ammaa, dheekkamsi, arrabsoon, dubbii nama yeellaasisan kan biraa dubbachuun
baramaa ta’eera. Namoonni hedduun dubbiisaanii arabeessuuf ykn jechoota yaadasaanii ittiin
ibsan yeroo dhaban waan nama yeellaasisu dubbatu. Yeroo baay’ee namoonni waltajjiirraa
hojjetan warra kaan kolfisiisuuf jechoota nama yeellaasisaniifi jechoota baddoo wajjin wal
qabatanitti fayyadamu. Haata’u malee, dubbiin nama yeellaasisu wanta nama kolfisiisuu qabu
miti. Waggaa 2,000 dura Phaawulos hafuuraan geggeeffamee Kiristiyaanonni gumii Qolosaayis
‘dubbii nama yeellaasisurraa’ akka fagaatan isaan akeekkachiiseera. (Qolosaayis 3:8) Gumii
Efesooniifis “qoosaan hin taane” wantoota Kiristiyaanota dhugaa ‘gidduutti dhaga’amuu’ hin
qabne keessaa tokko ta’uusaa ibseera.—Efesoon 5:3, 4.

Dubbiin nama yeellaasisu Waaqayyo ni gaddisiisa. Namoota Waaqayyo jaallatanis ni


gaddisiisa. Dhugumayyuu, jaalalli Waaqayyoof qabnu dubbii nama yeellaasisu dubbachuurraa
of qusachuuf nu kakaasa. Phaawulos waa’ee “hojii foonii” yommuu caqase, xuraa’ummaan
dubbii nama yeellaasisu kan dabalatu ta’uusaa ibseera. (Galaatiyaa 5:19-21) Kun dhimma
xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii qabudha.

Namni tokko irra deddeebi’amee gorsi kennamuufis, qalbii geddarachuu diduudhaan amala
safuu hin qabne argisiisuu, dubbii ciiggaasisaafi nama yeellaasisu dubbachuusaa yoo itti fufe
gumii (gamtaa) keessaa baafamuu danda’a.
Namooni waa’ee namootaa dubbachuu, maqaa balleessuun arrabsaan ilee ni jiru. Namoonni
waa’ee namootaafi waa’ee jireenyasaanii dubbachuu jaallatu. Haata’u malee, waa’ee namootaa
dubbachuun yeroo hundaa gadheedha jechuudhaa? Eenyu akka cuuphame, jajjabina argachuun
kan isa barbaachisu eenyu akka ta’eefi oduu nama gammachiisu dubbachuuf taanaan, wanti
dubbanne gadheedha jechuu miti. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan waliisaaniitiifi
nageenya warra kaaniif waan yaadaniif, odeeffannoo waa’ee namoota hidhata amantiisaanii ni
dubbatu turan. (Efesoon 6:21, 22; Qolosaayis 4:8, 9) Haata’u malee, wanti dubbannu dhugaa
jiru kan jal’isu ykn iccitii namootaa kan baasu yoo ta’e hamii waan ta’eef miidhaa geessisuu
danda’a. Wanti kana caalaa ulfaataa ta’emmoo, hamiin akkasii gara maqaa balleessuutti kan
nama geessu ta’uusaati. Maqaa balleessuun, “nama tokko sobaan hadheessuudhaan maqaa
gaarii inni qabu xureessuu” jechuudha. Fakkeenyaaf Fariisonni Gooftaa keenya Iyaasuus
Kiristoos namoota kaan biratti fudhatama dhabsiisuuf hamminaan maqaasaa balleessaniiru.
(Maatewos 9:32-34; 12:22-24) Maqaa namaa balleessuun yeroo baay’ee walitti bu’iinsa uuma.
—Fakkeenya 26:20.

Waaqayyon namoota dandeettii dubbachuu isaaniif kennameen maqaa warra kaanii balleessuuf
ykn gargar ba’uun akka uumamu gochuuf itti fayyadaman callisee hin ilaalu. Waaqayyon nama
“gargar ba’uu obboloota gidduutti facaasu” ni jibba. (Fakkeenya 6:16-19) Jechi afaan Giriikii
“kan maqaa balleessu” jedhamee hiikame, diiyaaboloos kan jedhu yommuu ta’u, jechumti kun
maqaa Seexanaa ta’ee tajaajileera. Inni hamminaan kaka’ee maqaa Waaqayyoo waan
balleesseef “Diiyaabilos” jedhamee waamameera. (Mul’ata 12:9, 10) Maqaa warra kaanii
balleessuudhaan Diiyaabilosiin fakkaachuu waan hin barbaanneef akka of eegnu beekamaadha.
Hojii foonii inni ‘qoccolloofi yaadaan gargar ba’uun’ akka uumamu godhu gamtaa keessatti
iddoo hin qabu. (Galaatiyaa 5:19-21) Kanaaf, dubbii dhageesse tokko dubbachuukee dura akkas
jedhii of gaafadhu: ‘Dubbichi dhugaadhaa? Dabarsee yoon dubbadhe gaarummaa ta’aa? Kana
dubbachuun barbaachisaafi faayidaa kan qabudhaa?’—1 Tasaloniiqee 4:11. Ittii fufaa

Waa hundummaaf hardhaaf asuumma irratti dhabaa. Kutaa itti ansuun hangaa wal agaruutti
nagana tura. Kayyoon koo nutii kirtaanoonii gonkummaa nama arrabsuun nu hin ilaalatu waan
ta’ef arrabaa keenya haa sirreefaanuu jedhee ta’u akka naaf hubbaatan abdii kotii. Comment
kessatti ammo yaddaa fi komii qabdaan naaf ka’uu dandeessu.

- Kiristaanumaa fi arrabsoon wal hin fakkattuu

- Kiristanumaa fi arrabsoon wal irra hin demmu

- Kiristanumma fi arrabsoon waliif faallaa walitti

- Kiristanumma fi arrabsoon wal hin qaqabanii. Arraaba keenya haa sakkataanuu.

You might also like