You are on page 1of 15

Gingilfamuu SDACH

Gingilfamuu page 86 of Dh.B.B.Q


WAAQAYYO SABASAA IN GINGILCHA
“Raajii hafuuraan kakaafame tokko waa’ee gingilfamuu saba w/yyoo karaa fakkeenyaan dubbata. Amoos
9:9 Yeroo sodaachisaatti yesuus pheexiroosiin akkas jedhe.. Seexanni akka nama qamadii gingilchuu ….
Luke 22:31, 32 Kunis sababiinsaa gara dhumaatti tokkoo tokkoo saba waaqayyoo dhuunfaattis ta’e akka
waliigalaatti sadarkaa waldaatti qormaata adda addaa keessa darbu. Qormaatichis gingilfamuu jedhama.
Kunis baroota darban keessattis tureera. Yeroon xumuraa yeroo ga’uttis haala adda ta’een irra deebi’ama.
Diinichi (devil) yeroo muraasni qofti akka isa hafe beekuudhaan hamma isaaf danda’ame namootni
baay’een amantii isaanii akka dhiisan gochuuf cimina isaa dabalatee hojjeta. Gingilfamuun saba w/yyoo
keenyaas namoota shaakala addaa qabaniifi namoota amantii isaanii ganan adda baasee kan
agarsiisuudha. Haaluma kanaan xumura seenaa waldaa kiristaanaarratti miseensota waldaa kiristaanaa
gidduutti gingilfamuun nidhufa. Yeroo gingilfamuu kanatti sababootni kufaatiif nama saaxilan:
1. Bu’aa’ummaafi dhibaa’ummaa amantii
2. Ari’atamuu labsii dilbataa waliin wal qabatee dhufu
3. Ergaa haara’umsaafi qalbii jijjiirannaa kiristoos waldaa laadoqiyaatiif kenne fudhachuu dhiisuufi
4. Kaka’umsa dhugaa xiqqooshee waliin barumsa sobaa barsiifamuun gowwoomfamuu.
Amma guddachaa kan jiruufi gara fuulduraatti dabalaa kan deemu wanti baay’ee nama gaddisiisu tokko
bu’aa gingilfamuu kan ta’e namootni tokko tokko, keesumaa namootni iddoo (sadarkaa) guddaarra jiran
amantiisaanii dhiisuusaanii ta’a. Haa ta’u malee, jireenya qulqullummaa guutuu qabuun kan turuufi
waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya dhugaa ta’e kan qabu hunduu waa’ee gochaa kanaatiif sodaachuun
irra hin jiru.
Ibsa gochichaa
“Kaayyoo isaaniif waan tokko gochuudhaaf sababa isaan kakaasu qoruudhaaf waaqayyo amma sabasaa
gingilchaa jira. Baay’onnis keessa isaaniitti qamadii waan hin qabneef (gatii waan hin qabneef akka kosii
ta’aniiru..” 4T51) “Waaqayyo sabasaa gingilchaa jira. Waldaa calaliifi qulqulluu taates niqaba. Nuyi onnee
namootaa dubbisuu hin dandeenyu. Haa ta’u malee waaqayyo karaa waldaan kiristaanaa ittiin qullooftu
niqopheessa” 1T 99 “ Inni humna qabeessi hangafni loltuu sun hiriira keessa galaa” jedhee sagalee
guddaadhaan utuu iyyuu ergamaan waaqa walakkaa balali’u tokkos harka namoota baay’ee keessa,
alaabaa(safartuu) Amanu’eeliin kaasee ture. Abboommii waaqayyo dhuga ba’umsa kiristoosiif
abboommota kan ta’an amma bakka haa qabaatan. 8T41
Sababoota Kufaatii
1. Maal nadhibdeefi dhibaa’ummaa: Mul 3:16 atti bu’aa’aadha jedha.
“Humna guddaan dadammaqanii kan turan gara namoota kanaan dura argetti yaadni akka deebi’un
taasifame. Isatti kanan dura imimmaaniifi hafuura qulqulluudhaan dhimmanii osoo kadhatanii warran
arge sana akkan ilaalun taasifame. Eegdonni garee ergamootaa ta’an naannoo isaaniitti dacha lama ta’anii
arge. Isaanis mataa isaaniitii hanga miilla isaaniitti meeshaa waraanaa uffataniiru. Fuulli isaanii obsaa kan
turan gidiraa (dhiphinaa) ulfaataa sanaafi wallaansoo dhiphinaa isaan dabarsan kan agarsiisu ture. Haa
ta’u malee gadda keessa saanii kan agarsiisu bifni saanii amma ifa ulfina samiittin nicalaqqisa. Isaanis
moo’icha argatan. Kunis galata guddaafi gammachuu kabajamaafi qulqulla’aa isaaniif fide. Lakkoofsi
namoota akkasii nihir’ate. Namootni tokko tokko harca’anii karaa gubbaatti hafan. Moo’ichaafi fayyina
bara baraa sanaaf gatii guddaa kennuudhaan osoo abdii hin kufaatiin, argachuuf warra kadhatan wajjin
kan hin tokkummoofne bu’aa’oonnifi dhibaa’onni hin argamne. Isaan kan gara boodaatti dukkana
keessatti yeroo hafan, iddoo isaaniimmoo kan biroo warra ariitiidhaan dhugaa kana fudhatannifi gara
ulfina kanaa kan dhufaniin guuta. Ergamoota hamminaanis marfamanii turan garuu isaanirratti humna
hin qaban. Anis garaagarummaa (jijjiirama) kana maaltu fide jedheen gaafadhe. Ergamichis kan isaan
jajjabeessu humna bokkaa booddee isa gooftaa biraa dhufaafi iyya guddaa ergaa ergamaa isa 3ffaafi
jedhee naaf deebise.” EW211

2. Labsii dilbataan wal-qabatee ari’atamuu dhufu.

Page 1
Gingilfamuu SDACH
“ Dhugaatti yesuus kiristoositti jiraachuufi waaqayyoon fakkaachuu kan jaallatan hundinuu ni ari’atamu.
Inni phaawuloos jedhees ifaaf ifatti nirawwataman. 2 Xim 3:12. Dhugaadhaaf kan mana isaan nyaatu seera
dilbataa hin kabajnu yeroo jedhan tokko tokko mana hidhaatti geeffamu. Tokko tokko hidhamtoota ta’u
kannimmoo garboota ni taasifamu. “Dhiphinni sun dhiyaachaa akkuma deeman ergaa ergamaa 3ffaatti
amanneera jechaa kan turan garuu dhugaadhaaf abboommamuudhaan jireenya (mataa isaanii osoo hin
qulqulleessin kan turan baay’otni iddoo isaanii gadhiisuun gartuu mormitoota wajjin wal makatu. GC 608
“ Hojiin gingilfamuu inni guddaan sun jalqabeera; itti fufas. Dhugaadhaaf murtoo hin sochoone kan hin
qabneefi waaqayyoof dhimmasaaf arsaa barbaachisu baasuu kan hin barbaadne hunduu gingilfamanii ni
badu.” EW50 “ Tokkoo tokkoon miseensa waldaa kiristaana dhuunfaatti ni ilaalamu. Namoota dhugaa
ta’uun isaanii ni mirkanaa’a. Dhugaaf dhugaa ba’uuf haalota isaan dinqisiisan keessas ni galu baay’otni
isaanii abboota firdii duratti akka dubbataniif ni waamamu. Yeroo tasaa akkasiif shaakala isaan fayyadu
danda’utti hin barre. Kanaafuu jireenyi isaanii yeroo mijataa akkasumaan badaniif carraawwan
dhibaa’ummaan dabarsaan irraan kan ka’e gaabbiifi gadda guddaan liqimfaman .” 5T 463 Yeroo
dhiyootti sabni waaqayyoo dhiphina guddaadhaan ni ilaalamu. Isaan mul’atan baay’otni akka sibiila gatii
hin qabnee ta’uun isaanii nibeekama. Mormii, doorsifamuufi arrabsoon yeroo isaan qaqqabu qooda
humna godhachuufi jajjabachuu sodaadhaan gantoota (mormitoota dhugaa waliin hiriiraniiru.
3. Ergaa waldaa laadoqiyaaf kenname – maal nadhibde jechuu (jibbuu)
Mul 3:16-18 ati bu’aa’aa waan taateef afaan kookeessaa si tufuufan jira.
Beekumsa xiqqoo kan caafiitti ba’eefi barnoota sobaatiin kan namoota wallaalchisu. “Seexanni akkas
jedha” lubbuu wallaalchisuudhaaf dhugaa xiqqoo barumsa sobaa wajjin waliin makanii kan barsiisan
namoota hamma naaf danda’ame bakka bu’oota baay’ee biyya lafaarraa qabaachuu qaba. Dabalataanis
ergaa akeekkachiisaa waaqayyoo waldaasaaf kenne kan shaakalaniif kan hin amanne waldaa keessa akka
jiraatan goona. Sababiin isaa ifa waaqayyoo kana kan dubbisaniifi amanan osoo ta’aniiru ta’ee isaan kana
moo’achuuf abdiin nuti qabnu baay’ee muraasa ture. Haa ta’u malee yaadasaanii akeekkachiisota
kanarraan jal’isuu yoo dandeenye, waa’ee humnaafi abshaalummaa keenyaan kan hin beekne taa’anii
waan hafaniif lola xumuraa sana keessatti nuu wajjin akka hiriiran gochuu dandeenya: TM415 “Yeroon
itti wallaalchifniifi hokkorri guddaan ta’u ariitiidhaan dhiyaachaa jira. Seexanni ergamaa ifaa of
fakkeessaa yoo isaaf danda’ame warra fo’amanillee niwallaalchisa. Waaqoliifi gooftolii baay’een ni jiraatu.
Qilleensi barumsa sobaa niqilleensa’a. Waaqayyo garuu yeroo gingilfamuuttiifi yeroo dhiphinaa sana
keessatti adda ba’anii kan mul’atan garboota amanamoo qaba.” 5 T80,81
“Hafuura qulqulluun tokkoo tokkoo fuulota kitaaba qulqulluu ni ibsa. Haa ta’u malee sirriitti waan hin
hubatamneef ibsi xiqqoon kan itti laatame kutaan tokko tokko ni jiru. Yeroo gingilfamuu sanattti raajotni
sobduun yommuu ka’an, kitaaba qulqulluu irra keessa dubbisaakan turaniifi hundeessanis jabeessanii kan
hin dhaabbanne akka cirrachaa oliifi gadi oofamuuti.” TM112 “ seenaan yeroo darbee irra deebi’ama.
Kan seexanaa waaqeffattootni waaqa tolfamaa bifa haaraa ta’een nidhiyaatu. Dogoggorri garaagaraa bifa
mul’ataa ta’een adda ba’ee dhiyaata. Xibaartotni sobdootni uffata ifaa uffatanii saba waaqayyoof ni
dhiyaatu. Haala kanaan seexanni yoo isaaf danda’ame warra fo’aman wallaalchisuudhaaf ni dhama’a (ni
yaala).” 8T293 “yeroo iti seerri waaqayyoo mi’a gatii hin qabne godhamee ilaalamutti (lakkaa’amutti)
waldaan kiristaanaa qormaata ulfaataadhaan ni gingilfamti. Isa boodas amaa kan nuyi tilmaamuun ol kan
ta’an sabni baay’een kan seexanaa hafuurota wallaalchisaafi barumsa sobaa fudhachuutti deebi’u. Iddoo
sirrii ta’e dhaabbachuuf qooda jajjabaachuu baay’onni muka wayinii isa dhugaa sanatti kan jiran
dameewwan jiraatoo ta’uu dhiisuun isaanii ni mirkanaa’a. ijas waan hin godhanneef abbaan waamicha
isaa ni mura” 2SM 360
“Yeroo gingilfamuu keessa akka jiruun arge. Seexanni lubbuu harka kiristoos keessaa butee baasee
namoonni ilma waaqayyoo miillasaanii jalatti akka irra ejjetan gochuuf humna qabu hundumaan
hojjechaa jira. Ergaamaan tokko garuu suuta jedhee jabeessee kanatti fufee kan jiru natty dubbate. Ilma
waaqayyoorraa kan ejjete, isa qulqulluu dhiiga kakuu sanas akka waan xumraa’aatti kan lakkaa’e,
hafuura ayyaana isaa sanaas kan gaddisiise adaba sodaachisaa akkamitti isaaf ta’a sitti fakkaata!. Amalli
namaa guddaachaa adeema. Ergamoonni waaqayyoo gatii amaloota kana madaalaa jiru. Waaqayyoos

Page 2
Gingilfamuu SDACH
sabasaa ni ilaala. Namoota dhugaa ta’oo isaanii ni mirkaneessa. Jechootni kanatti aananii jiran karaa
ergamaa waaqayyoo naaf dhiyaatan. Yoos obboloota ko! Tarii isa jiraataa waaqayyoon kan isaan gansiisu
onnee hamaafi hin amanne isin keessaa nama tokko keessa akka hin jiraanne of eeggadhaa! Wal gorsaa
malee gaafa hundumaa. Garuu isin keessaa namni tokkollee gowwoomsaa cubbuuttiin mata jabeessa akka
hin taanetti guyyaan har’aa inni nu’I sagalee waaqayyoo itti dhageenyu osoo hin dhabin guyyuma
guyyaatti wal jajjabeessaa. Nuyi amanannaa keenya isa duraa sana hamma dhumaatti jabeessinee yoo
qabaannee warra kiristoositti qooda qaban in taana.” 1T 429, Ibr. 3:12-14
QAJEELFAMOOTA KUFAATII NAMA OOLCHAN
1Qorontoos 10:12
“Kanaafis dhaabadheen jira kan of se’u of haa eeggatu, akka hin kufnetti” jechuudhaan phaawuloos nu
gorsa. Walitti samii wajjin qabnus kan adddaan hin kutne yoo taane yeroo gingilfamuudhaan ilaalamnu
sanatti moo’ichaan darbuu dandeenya. Namni kamiyyuu kana gochuu kan danda’u macaafa qulqulluu
qo’achuudhaan karaa kitaaba qulqulluufi sagalee hafuura raajii kan ibsame irratti hundaa’uudhaan
jaalala waaqayyoof qabnu osoo addaan hin kutin bitamuudhaaniifi waaqayyoof warra kaaniif tajaajiluuf
mataa ofii ganuudhaan ta’a. Walitti dhufeenyi jireenya hafuuraa keenya bifa kanaan kan sirraa’e yoo ta’e
eenyus jaalala waaqayyoorraa ykn isa guddaa burqaa humna keenyaa isa ta’e gooftaa yesuus irraa addaan
nu baasuu hin danda’u. Ergamichi phaawuloos Roomee 8:35-39 keessatti akkuma jedhu.
“Namootni tokko tokko amanatii jabaadhaafi iyya guddaadhaan waaqayoon osoo kadhataniin arge. Fuuli
isaanis gurraacha’ee wal’aansoo keessaisaanii kan ibsu yaaddoo guddaa adda ba’ee isaanirraa ni mul’ata
ture. Fuula isaaniirraas coccobni dafqaa gurguddaan ni bubu’a ture. Garuu, jajjabinniifi
amanamummaan guddaan fuulasaaniirra nimul’ata ture. Darbee darbees fuulli isaanii waaqayyoo saanii
akka godhe mallattoo mirkaneessu niibsa ture. Ergamootni hamminaan walitti qabamanii yesuus fuula
isaanii duraa dhokataa gara dukkana isaan marsee jirutti akka harkifamaniifi waaqayyoon irraa amanatii
akka dhaban gochuudhaaf dukkana isaanirraa ni uwwisu ykn ni aguugu. Balaa kanarraa kan isaan
oolchuu danda’an karaa tokkichi “osoo walirraa hin kutin ijasaanii gara samiitti olkaasuu” qofaan ture.
EW269
Nuyi wanti gingilfamuun isaaf ta’e kan itti gingilfamu yeroo gingilfamuu keessadha kan nuyi jirru. Dhugaa
kan beekan hundumtuu jechaanis ta’e gochaan abboommoota isaa yoo eeguu baatan “isinif haa hafu
isaaniin hin jedhamu.” Lubbuun gara kiristoositti deebisuuf dhama’iinsa tokkollee gochuu yoo baanne
dhibaa’ummaa hafuura keenyaanis hojii hojjechuuf nuuf ta’uhojjechuu yoo dhiifne itti gaafatamna.
Ijoollee mootummaa waaqayyoo kan ta’an hundinuu lubbuu fayyisuudhaaf ciminaan hojjechuu qabu.
Qooda bartootaa qabaachuuf ga’ee mataa isaanii ba’uu qabu. 6T332 2T547-548
Waa’ee warra moo’anii akkas jedhameera: isaanis akka gartuu loltootaatti adeemsa sirrii ta’een
adeemaniiru. “ fuulli isaaniis obsaan kan turan dhiphina ulfaataa sanaaffi wal’aansoo dhiphinaa keessa
darbanmul’isa ture. Haa ta’u malee isa ulfaataa gadda keessasaanii agarsiisaa kan ture bifni isaanii amma
ifaafi ulfina samiitiin calaqqise. Isaanis moo’icha gonfatan. Kunis galata guddaafi gammachuu
qabatamaafi qulqullaa’aa isaaniif fide.” EW271 xumura hojii ulfina qabeessa sanaarratti namootni
gurguddaan muraasni ni hiriiru. Isaanis ofitti ga’oo waaqayyoon kan of hin jajne turan. Kanaaf
waaqayyoo isaanitti fayyadamuu hin danada’u. waaqayyoo yeroo gingilfamuufi yeroo qormaataa sanatti
kan mul’atan garboota amanamoo qaba. Baay’ee jaallatamoo kan ta’an jilbu saanii Baa’aliif kan hin
jilbeenfatin amma kan hin mul’anne namoota qaba. Isin irratti ibsaa kan ture kan walitti qabame ifa
¾’uMvM hin qaban. Haa ta’u malee amalli kiristaanummaa dhugaa ifa dhugaa kan mul’isu ›¨Ú gŸ[“
haala nama hin gammachiifne jala ta’uu danda’a. tokkoo tokkoo lubbuutiif yeroo qormaatni itti dhufu
fagoo miti. Milikkita bineensichaa akka fudhannuuf yeroo itti dirqisiifamnu nu bira ga’eera. Sadarkaa
sadarkaatiin gaaffii lafaatiin kan mo’amaniifi aadaa lafaa wajjin wal makanii kan jiraatan hunduu,
qoosaa, arrabsoo doorsisa, ajjeechaafi hidhaa fudhachuu isaaniirraayyuu humna dhufuuf jedhamu sanaaf
bitamuuf isaanitti hni ulfaatu. Falmichi seera waaqayyoofi seera namaa gidduuttiidha. Yeroo kana waldaa
kiristaanaa keessatti warqichi isa kosiirraa adda ba’a. baay’onni cimina isaaniitiif kan isaan dinqifachaa
turre urjii duumessi golge ta’u. Qamadii walitti qabame sana keessa kosii ykn galabaan akka duumessaa

Page 3
Gingilfamuu SDACH
qilleensaan ni fuudhame. Miidhagina mana qulqullummaa fakkaatanii kan mul’atan, garuu qulqullummaa
kiristoosiin kan hin uffanne hunduu leeyyoo qullaasaaniitiin ni mul’atu. 5T 80, 81
ROOBA MAAYESSAA ….Yo’eel 2:28
Hafuura qulqulluun kennaa waaqayyoo akka dhuunfaatti ykn akka waldaatti kennuu danda’u hundumaa
ni caala. Dhugaadhumatti isa fudhachuun isaa wajjin eebbota hundumaa fudhachuudha. Hafuura
qulqulluu sadan waaqa tokkichaatiin tokko ta’uu isaatiin w/yyoofi kiristoosiin bakka bu’uudhaan gara
namootaa dhufa. Innis humna waaqummaasaatiin onnee laaffisuudhaan wantoota nuyi xiyyeeffannoo itti
kennuun nurra jiraatu nutty agarsiisa. Isa malee lubbuun tokkollee fayyuu hin dandeessu.
Hojiiwwan hafuura qulqulluu tokko tokko
1. Waa’ee cubbuu, qulqullummaa, murtee amansiisuudhaan ifachuudhaan akka qalbii jijjiiratan
godha. Yoh. 16:8
2. Onnee (sammuu) dubbii waaqayyoo gara qo’achuutti isaan geggeessuudhaan gara dhugaa
hundumaatti isaan geessa. Yoh. 14:26; 16:13
3. Kanaan dura dhugaawwan qo’ataman ykn kutaa kit. Qulqulluu yeroo barbaachisaa ta’etti, yeroo
tasaatti yaadachiisa. Yoh. 14:26, Mark.13:11
4. Yeroo kadhannu kadhannaa keenya nuuf hiikuudhaan guutuu godhee dhiyeessuun abbaa duratti
nuuf kadhata. Roomee 8:26
5. Ijoollee waaqaa ta’uu keenya mirkaneeffannaa ykn wabii keessaa nuuf kenna. Rom 8:16, H.keenyaa
wajjin walii galee ……
6. Ijoolleen gooftaa uggiinsaan ( ) fi humnaan labsuu akka danda’an isaan godha. Hoe 1:8
Dhugaadhumatti hafuurri waaqayyoo bakka namootaa bu’ee baroota hundaaf hojii addaan ba’e yeroo
addaan ba’etti raawwachuuf ga’aa akka isheen taatuuf humna kana safara maleefi haala kanaan dura
ittiin hin beekamneen dhangalaasuuf (buusuuf) waadaa seeneera. Bokkaan inni duraa fiixaan ba’umsa
abdii sagalee raajiitiin jalqaba kan ta’e hojii saanii isa dinqisiisaa akka ergamootaaf humna kenneera.
Bara keenyatti inni kennamuuf jiru “bokkaan booddee” waldaan kiristaanaa akka akeekasaatti hojii
wangeelaa isa guddaa rawwattu isheegodha (gargaara), kakuu waaqayyoo Macaafa.qulqulluu keessatti.
Yo’eel 2:23, 28-30 Hosea 6:3 “Yeroo sanatti bokkaan booddee kan nama jajjabeessu waaqayyoon biraa
nidhufa. Kan inni dhufus ergaa ergamaa isa 3ffaafi iyya guddaa sanaaf humna kennuudhaaf yeroo
dha’ichootni dhumaa 7’n bu’an qulqulloonni akka dhaabbataniif waan qopheessaniif.” EW86
“ Yeroo dhiphinaa sana darbuu akka danda’aniif kan isaan dadammaqsuufi kan isaan jajjabeessu bokkaa
booddeeti. Ifa ergaa ergamaa 3ffaa sanaan fuullisaanii ni ifa.” 7BC984
“ Hojichi hojii guyyaa “ ayyaana guyyaa 50ffaa faana wal fakkaata. Bokkaan inni duraa yeroo hafuurri
qulqulluun bu’e sanyiin facaafame biqiluuf barumsa wangeelaarraatti akkuma kenname bokkaan booddee
immoo sanyicha walitti qabuuf cufiinsa wangeelaa irratti ni kennama.” GC611
Hojicha xumuruu kan danda’u ayyaana waaqummaasaa duwwaadha. Yaada dhibaa’ummaatiin iddoon
nuti itti boqonnu hin jiru(hin qabnu). Kadhannaatti jabaadhaa! Jabaadhaa!Guyyaa hundumaa
kadhadhaa!! Isa qabu akeeka kiristoosiin raawwannee irraanfachuu hin qabnu. Guddina hafuura
keenyaafis humna waaqummaasaa waliin sa’aatii sa’aatiidhaan walarguun nu barbaachisa. Safartuu
hafuura qulqulluu qabaachuu qabna. Dhama’iinsi kun akka dhaabbatu hin godhinaa. Guddachuu yoo
baanne, jireenyi keenyas bokkaa duraafi booddee fudhachuuf barbaadaa kan hin jiraanne yoo ta’e lubbuu
keenya dhabna. Itti-gaafatamummaan isaas numa mataa keenya irra jira. TM507-508
Abdiiwwan keenyaafi fedhii waaqayyyoo
Warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu… Luke 11:13
“Badhaadhumaan ayyaanasaa gara namootaafi gara lafaatti roobuu kan dideef waaqayyoo karaasaa
dhowwaa kamiyyuu waan godheef miti. Hunduu kan barbaadu osoo ta’ee, hundumtuus hafuura
qulqulluun guutama ture.
Gooftaan warra isa tajajilaniif, kan warri (maatiin) ijoolleessaniif kennuu fedhaniin olitti H.Q. isaaniif
kennuu barbaada. Tokkoo tokkon tajaajiltootaa guyyuma guyyaatti H.Q.’n cuuphamuuf kadhannaadhaan
waaqayyo duratti dhiyaachuu qaba.” AA50. “Hafuura qulqulluu waldaa kiristaanaarratti dhangalaasuun

Page 4
Gingilfamuu SDACH
yeroo dhufu keessatti akka ta’u ni eegama. Haa ta’u malee har’ayyuu waldaan kiristaanaa H.Q argachuuf
mirga guutuu (addaa) qabdi. Waa’eesaaf kadhadhaa, amanaas, hafuura qululluu qabaachuu qabna.
Samiinis nuuf kennuuf isaaf nu eegaa jira. Ev. 701.
Haal-dureewwan barbaachisan
“Akkuma abdiiwwan waaqayyoo warra kaanitti abdiin bokkaa booddees raawwatamuuf haalotni
guutamuun irra jiraatu guutamuu qabu. Kiristoos waldaasaaf abdii kennaa hafuura qulqulluu kenneera.
Abdichis bartoota jalqabaaf akkuma ta’e nuufis nita’a. Haa ta’u malee, akkuma abdii warra kaanii kunis
kan kenname haal-dureewwan guutamuu qabu dursee yoo guutame qofaadha.” DA 672
“Waaqayyos tokkoo tokkoo lubbuutiif hamma inni fudhachuu danda’u kennuuf qophaa’aadha. Kan
waaqayyo murteen inni dhumaa lafarratti osoo hin ta’in dura, bara ergamootaan asitti ta’ee (argamee) kan
hin beekne saba waaqayyoo gidduutti dadammaqiinsi amantii nita’a. hafuurriifi humni waaqayyoos
ijoolleessaa irratti nibu’a.” GC 464 “Guyyuma guyyaan ykn kiristaanummaa dammaqaa ta’een guddachaa
yoo deemu baanne bokkaa booddeen kan mul’atan hojiiwwaan H.Q. beekuu hin dandeenyu. Naannoo
keenyatti bu’uu nidanda’a, nu garuu addaan baafnee hin beeknu, hin fudhannus.”
Haal-dureewwan
1. Barbaachisummaan H.Q.nutti dhaga’amee argamuusaatiif kadhadhu:
“ Hunduu kan barbaadu utuu ta’ee hunduu hafuura qulqulluun guutama ture. Iddoo barbaachisummaan
hafuura qulqulluu akka waan xiqqaatti lakka’amu hundatti gogiinsa hafuuraa, dukkanaa’ummaa
hafuuraa, dadhabbii hafuuraafi du’a hafuuraatu mul’ata. Gatii kan hin qabne wantootni lafaa kun iddoo
itti xiyyeeffannu argatanitti guddinaafi dagaagina waldaatiif kan barbaachisaaniifi isa wajjinis eebbota
kan biro fiduu kan danda’u humni waaqummaa safara malee irraa hafaa ta’ee yoo dhiyaatellee dhabiinsi
isaa jira. Karaan nuyi ittiin humna argannu karaa kana erga ta’ee kennaa hafuura qulqulluutiif kan nuyi
hin beelofneef, kan nuyi hin dheebonne maaliif? Waa’ eesaa kan nuyi hin dubbanneef, kan nuyi hin
kadhanneef, kan nuyi hin lallabneef sababa maaliif? AA50
“Tajaajila kiristoosiif raawwannee garaa keenya guutuu, mataa keenya qulleessinee yoo laanne,
waaqayyo hafuura qulqulluu dhowwaa tokko malee nuuf dhangalaasuudhaan amanamummaasaa nu
hubachiisa. Haa ta’u malee waldaa kiristaanaa keessaa gartuu baay’een waaqayyoo wajjin kan hojjetan
yoo ta’uu baatan kun hin ta’u.” Chs253. “walga’ii waldaa kiristaanaa kan akka konfireensii hafuuraa,
walitti qabama waldaalee garaagaraarratti ta’u, lubbuuf waamicha gochuudhaaf ta’u, hundinuu rooba
duraaf ta’e, isa booddee kennuuf waaqayyoon kan kaayyeeffaman yeroo mijataadha. Walga’iiwwan
hundumaa ykn walga’ii bakka tokkoo kan hirmaatan hundi samiirraa wanta barbaachisu baay’ee ni
argatu, yaadni jedhu seera hin jijjiiramne miti. Isa saba jaamaa ayyaana hafuura qulqulluu
dhangalaasuuf haalotni kan mijatan fakkaatanii mul’achuu danda’u. haa ta’u malee bokkichi akka
roobuuf waaqayyo ofiisaa ajajuu/ heyyamuu qaba. Kanaafuu kadhannaatti dhibaa’ota ta’uu hin qabnu.
Waaqayyo burqaa bishaan jireenyaa akka nuuf banuuf kadhachuu qabna. Nuyi mataan keenya bishaan
jireenyaa argachuu qabna. Akkuma yeroo bokkaa booddee kanatti gaaddiduun ayyaanasaa akka goruuf
laphee cabaadhaaniifi kutannoo cimaadhaan haa kadhannu. Walga’iiwwan hirmaannu hundumaatti
waaqayyoo lubbuu ,keenyaaf jiidhinsa akka kennuuf kadhannaan keenya garasaatti ol ba’uu qaba.
TM508-509. Yeroo kadhatan amanaa, waaqayyootis amanadhaa waaqayyo hafuura qulqulluu rraa
hafaasaa kan inni kennu yeroo bokkaa booddeeti. Kadhannaatti kan jabaatan ta’aa!, hafuura
qulqulluuttis cimaa! TM512
2. Duraan dursanii rooba isa duraatiin shaakaluu
Kuis kan agarsiisu:
 Qalbii jijjiirannaa guutuu
 Dhiifama cubbuu
 Xuraa’ummaa hundumaarraa qulqullaa’uu
 Kadhannaa onneerraa maddeefi
 Mataa ofii arsaa qulqullaa’aa godhanii kennuudha.

Page 5
Gingilfamuu SDACH
Haala amma keessa fooyyessuudhaan ayyaana kiristaanummaatiin osoo addaan hin kutin guddachuudha.
“Baay’otni sadarkaa olaanuun bokkaa isa duraa fudhachuu hin dandeenye. Haaluma kanaan bu’aawwan
waaqayyoo isaan dhiyeesse hundumaa hin arganne. Isaanis hir’inni isaanii sun bokkaa booddeetiin nuuf
guuta jedhanii yaadu (eegu). Irraa hafaan badhaadhummaa ayyaanaa yemmuu kennamu onnee saanii
bananii fudhachuuf karoorsa dogoggoraa baay’ee nama leeyyaasisu hojjechaa jiru. Waaqayyo ifaafi
beekumsa isaa kennuudhaan garaa namaa keessatti hojii jalqabe sana osoo addaan hin citin gara
fuulduraatti deemuu qaba. Tokkoo tokkoon namaa dhuunfaatti kan isa barbaachisu hubachu qaba.
Onneen iddoo buufata hafuura qulqulluu ta’uuf xuraa’ummaan hunduu keessaa ba’ee qulqullaa’uu qabdi.
Bartootni duraa guyyaa pheenxeqoosxee isa bu’eef hafuura qulqulluu sanaaf kan isaan qophaa’an qalbii
jijjiirrannaafi cubbuu jibbuudhaanidha. Akkasumas kadhannaa garaa guutuu taa’uun waaqa duratti of
dhiyeessuudhaan mataasaanii qulleessanii waaqayyoof kennuudhaaniidha. Cgochaan sun amma sadarkaa
olaanaadhaan raawwatamuu qaba. Hojicha kan jalqabe waaqayyoodha. Karaa kiristoosiin nama guutuu
gochuudhaan waaqayyo hojicha ni xumura. Haa ta’u malee bokkaa duraatti inni fakkeeffame ayyaanni
sun tuffatamuu hin qabu. Ifa qabaniin kan jiraatan qofatu ifa dabalataa fudhachuu danda’a. TM.507
“Bokkaa isa duraa kan hin fudhannee fi fudhachuu kan hin jaallanne yeroo hafuurri qulqulluun bu’utti
akka hin argine ykn bu’aa humna bokkaa booddee akka hin hubanne sirriitti mirkaneeffachuu
dandeenya.” TM399 “ Bokkaa booddeef akka qophaa’uuf har’a qodaakee (jireenyakee) qulqulleessuu
qabda. Sababiinsaas humni bokkaa booddee kan dhufu eebbi waaqayyoos kan inni guutu cubbuu
hundumaarraa kan qulqullaa’an tokkoo tokkoo garaa namootaa keessattiidha.” Ev 702
“ Wa’ee rooba maayessaatiif wal eeguu hin qabnu. Nurratti kan bu’u fixeensi ayyaanasaa kan beekaniifi
waan jaallatan irratti dhufaa waan jiruufi. Calaqqee yeroo walitti qabannuttiifi akka isa amanannuuf isa
nu jaallate araara waaqayyoos yeroo jaallanutti abdiisaa ni raawwata.” Isay. 61:11, 7BC 984
3. Hafuurri Qulqulluun Akka Nu Tajaajiluufi Akka Nu Geggeessuuf Eyyamuufii:
H.Qtti dhimma ba’uu kan dandeenyu hafuurri qulqulluun nutty dhimma ba’uu ni raawwata. Karaa
hafuura qulqulluu waaqayyoo sabasaa keessatti akeekasaa isa gaarii niraawwata. Fil. 2:13. Haa ta’u malee,
baay’otni kanaaf hin abbomaman. Isaan ofumasaaniin, hafuura qulqulluu malee hojjechuu barbaadu.
Kennaa samaayiis fudhachuu kan dadhabaniif kanaafidha. Waaqayyo warra obsaan isa eeganiif araaraafi
ayyaanasaa warra isa eeggatan qofaaf hafuura qulqulluu kenna.”DA 672
4. Diinummaafi Waliigaltee Dhabiinsa of Gidduudhaa Baasuu
“Ayyaana guyyaa 50ffaa fuuldura bartootni tokkummaadhaan wal ga’anii garaagarummaa hundumaa
dhabamsiisan. Isaanis onnee tokkoon turan.” DA327, Acts 2:1
5. Mataa Ofii Ganuu(Dabarsanii Waaqayyoof Of Kennuu, Ofirraa Du’uu):
“Hafuura qulqulluu isaa isa irraa hafaa nurratti dhangalaasuuf waaqayyo ni fedha. Mataa keenya
hundumaa ganuudhaan karaa akka isaaf tolchinu nu abbooma. Mataa keenya waaqayyyoof yeroo
bichisiifnu, kiristoosiin fakkaachuu dhiisuu keenyaan, karaa warra kaaniirraa gufannaa keenyee akka
arginuuf iji keenya nuuf banama. walii walii keessanitti cubbuu keessan himadhaa, akka fayyitaniif inni
tokko isa kaaniif haa kadhatu.” Yaa’iqoob5:16 6T43
“Namni tokko mataa isaatti raawwatee duwwaa yoo ta’u, waaqni tolfamaan hunduu keessa isaatii gara
alaatti yoo gatamu iddooon duwwaan sun gara keessaatti isa galu hafuura kiristoosiin guuta.” GW 287
“Yerichi yeroo ga’umsa guddaafi qulqullummaa garaa (onnee) nu gaafachuudha. Anis gara waaqayyootti
miira itti gaafatamummaatiin kan guutan cubbuu hundumaatiif hundee kan ta’e, waaqni tolfamaan
garaasaanii keessaa kan fannifame(kan dhowwame), namoota tajaajila waaqaaf osoo hin hambifatin
jireenya isaanii aarsaa qulqulaa’aa godhanii waaqayyoof kennuuf kan hawwan, waamicha isaaniif itti
gaafatamummaadhaan, kan jiraatan dhama’iinsas ta’ee kadhannaadhaan kan hin gaafatamneefi arsaa
okkolaa ta’e waaqayyoof akka hin dhiyeessine kan murteeffatan ergamoota dhugaa kaasii nuuf ergi
jedheen iyya.”GW 114
“ Namni kamiyyuu jireenyasaa ofiisaan duwwaa gochuu hin danda’u. Hojicha akka nuuf raawwatuuf
kiristoos waliin walii galuu qofa dandeenya. Kana booddee kadhannaan (sagaleen) lubbuu akkas kan
jedhu ta’a; “ Gooftaa ko ani siif of kennuu hin danda’uutii onnee koo fudhadhu; Ani sii eeguu waan hin
dandeenyeef onnee koo qulqullummaatti eegi; kiristoosiin kan hin fakkaanne dadhabaa jireenya kootii na

Page 6
Gingilfamuu SDACH
fayyisi; natis dhimma ba’i.” mataa ofii ganuun akkanaa kun raawwachuu kan qabu jireenya
kiristaanummaa isa gara jalqabaa keessatti kun haareffamuu qaba.” COL153-156
“ Kan akka boonuufi mata ofiitti quufuu waaqayyoon gaddisiisuufi lubbuu namaaf sodaachisaa ta’e hin
jiru. Cubbuu hundumaa caalaa abdii kan hin qabne, raawwatamees kan itti hin fayyine cubbuudha.”
COL154 Waaqayyoon kan tajaajilu namni obsa guddaa qabaachuu qaba. Waaqayyoo waliin shaakala
gadi fagoo kan qaban boonuu (koormaa)fi mataa ofii ol ol of qabuu irraa baay’ee kan fagaataniidha.
Ergaan ergamaa 3ffaa iyya guddaadhaan yeroo labsamu, hojiin xumuraa sun ulfinaafi jabina guddaan
yeroo xumuramu, sabni waaqayyoo warri amanamoon hirmaattotni ulfina kanaa ta’u. yeroo dhiphinaa
sana keessa darbu akka danda’aniif kan isaan dadammaqsuufi kan isaan jajjabeessu fuullisaanii ni ifa
(BC984) “ Mi’a lolaa kan uffatan dhugaa sagalee guddaan utuu labsanii nan dhaga’e. sunis bu’a qabeessa
ture. Baay’otni hidhamanii turani. Haadha-manootni tokko tokko, abbaa abbaa manaa saaniitiin,
ijoollotni tokko tokkos maatii isaaniitiin hidhamanii turan. Dhugaa akka hin dhageenyeef dhorkamanii
kan turan namoonni qajeeltoonni fedhii guddaadhaan jabeessanii ni qabatu. Firootasaanii sodaachuun
isaanirraa fagaatee dhugaan qofaan isaan duratti olka’ee mul’ata. dhugaa beela’aafi dheebotaa turaniiru.
Dhugaan isaaniif lubbuusaarra caalaa gati-qabeessaafi ulfina qabeessa ture.anis jijjiirama kana kan fide
maali? jedheen gaafadhe. Ergamichis “kana kan fide, kan isaan jajjabeessu waaqa biraa kan dhufe humna
bokkaa booddeefi iyya guddaa ergaa ergamaa isa 3ffaa sana” jedhu naaf deebise.” EW 271 “Akeekkachiisi
dhumaa sun yeroo kennamutti yaadni namoota beekamoo ta’anii hojii mootummaarra jiranii karaasaanii
amma waaqayyo hojjechaa jira. Isaan keessaas namootni tokko tokko dhugaa fudhachuudhaan yeroo
dhiphinaa keessatti saba waaqayyoo waliin ni dhaabatu.
“Labsii ergaa ergamaa isa 3ffaa sana gargaaruudhaaf kan dhufu ergamichi guutummaa lafaatti ta’u
kanaaf kanaan dura kan hin shaakalamne ykn hin beekamne humni addaa kan mul’atu raajameera. Bara
1840 -1844 Kan ture sochiin Adiveentistootaa ibsa humna waaqayyoo ture. Ergaan ergamaa isa jalqabaa
tokko tokko buufata waldaa kiristaana addunyaarra jiraatu qaqqabee ture. Biyyoota tokko tokko
keessatti haara’umsa jaarraa 16ffaa booda biyya kam keessattuu kan hin argamne sochiin amantii
guddaan tureera. “Haa ta’u malee sochiin guddaan ergaa ergamaa 3ffaa akeekkachiisa dhumaa sanarratti
kennamu (godhamu) isaan kana hundumaa caaluu qaba. Hojichi hojii guyyaa pheenxeqoosxee wajjin wal-
fakkaata. Bu’uun hafuura qulqulluu bokkaan inni duraa sun sanyiin ulfina qabeessi sun akka biqiluuf
jalqabamuu hojii wangeelaa irratti akkuma kennamu, bokkaan inni booddee immoo sanyii sana walitti
qabuuf xumura hojichaa irratti kennama.” “Garbootni waaqayyoo fuullisaanii kaayyoo qulqulla’aa
sanaaf adda ba’e osoo ibsuu ergaa samiirraa dhufe labsaa bakkaa bakkatti saffisaan deemu. Sagalee
kumaatamatti lakkaa’amuun akeekkachiisi guutummaa lafaarratti ni labsama(ni kennama). Dinqiiwwan
ni hojjetamu. Malaalewwaniifi mallattoolleen garaagaraa warra amanan duukaa bu’u.” GC611-612.
“Bara bartootaa keessa bu’uun hafuura qulqulluu bokkaa booddee sana ture. Bu’uunsaas ulfina qabeessa
ture. Haa ta’u malee bokkaan booddee baay’ee isarra kan caalu ta’a.” DA821
“Ta’iiwwan kun hundinuu humna caalmaatiin irra deebi’amuu. Gaafa ayyaana guyyaa 50ffaa bokkaan
duraa kennamee ture. Haa ta’u malee bokkaan booddee baay’ee isarra kan caalu ta’a.” CDL121
MALLATTEEFFAMUU (SEALING)
Ibsa Guutuu Waa’ee Gochichaa
 Mallattoon waaqayyoo maali?
 Mallatteeffamuun kunis kan inni ta’u yoomidha?
 Yeroo itti raawwatamuufi turtiisaa
 Mallatteeffamuuf haalota barbaachisan
Mallatteeffamuun kun ija namaatti kan hin mul’anne hojii hafuura qulqulluu yoo ta’u amma
adeemsifamaa jira. Kunis yeroo dhiyootti cufamuu yeroo haraaraatiin niraawwatama. Nama dhuunfaa
ilaalchisee tokkoo tokkoo kiristaanotaaf hojiin mallatteessuu kan eegalu guyyaa inni gooftaa fudhateetti
yoo ta’u, namichaaf kan inni raawwatamu. 1ffaa isaaf yeroo itti balballi haraaraa cufamu, jechuunis yeroo
inni du’u ykn yeroo itti qorannoon murtoo xumuraamuudha. Kun hojii ergaa waaqayyoofi hafuura

Page 7
Gingilfamuu SDACH
qulqulluun kan geggeeffamu yoo ta’u, seerota waaqayyoo dhugaawwan qabatamoo ta’an abboommii 4ffaa
dabalatee jireenya namoota abboomamanii keessatti raawwata.
 Mallatteeffamuun kun kaayyoowwan kanaa gadii raawwata:
1. Seerota waaqayyoo dhugaawwan bu’uuraa jireenya namaa keessatti boca (eega).
2. Qormaatni amantii nama buusisuufi ari’atamuu guddaan osoo isaanirra ga’aa jiru namoonni
mallatteeffaman sanbata amanamummaadhaan akka eegan isaa godha.
3. Yeroo dhiphinaa keessa osoo hin miidhamin akka darbaniifi yeroo itti araara tokko malee
jiraatanitti (ta’anitti) cubbuun olitti akka jiraatan isaan godha.(isaan qopheessa).
4. Badiisa dhumaa jalaa isaan eega.
Ibsa guutuu waa’ee gochichaa: mul 7:1-4
“Mallattoon adda saba waaqayyootti akka ta’u, kunis kan mul’atu mallattoo akkasumaan osoo hin ta’in,
raafama tokko malee beekumsattis ta’e hafuuratti dhugaarratti hundaa’uudha. Sabni waaqayyoo
mallatteeffamuudhaan yeroo gingilfamuu sanaaf qophaa’u. dhugaadhumatti ammas eegaleera. Wanti
dhufuuf jiru maal akka ta’e akka beeknuuf nu akeekkachiisuuf murtoon waaqayyoo amma biyya
lafaarratti ta’aa jira.” 4BC 1161 “Gareen tokko humnoota lafaa kanaaf bitamuusaaniif raga
fudhachuudhaan mallattoo bineensichaa fudhatu. Gareen kan biraan immoo ol aantummaa waaqayyoof
abboomamuudhaan mallattoo waaqayyoo fudhatu.” GC 605 “Yeroo itti ergaan ergamaa isa 3ffaa sun
cufamuun arge. Humni w/yyoo sabasaarraa buufate. Isaanis hojii saanii xumuraanii yeroo qorumsaa fuula
isaanii dura jiruuf qophaa’anii turan. Humna bokkaa booddee kan isaann jajjabeessu sana waaqayyo
biraa argataniiru. Dhuga-ba’umsi jiraataniis dadammaqeera. Akeekkachiisi fedhii kan hin qabne
jiraattotni lafarraa akka jeeqamaniifi dheekamsaan akka boba’an isaan godheera. Ergamootni samii
keessa ariitiidhaan asiifi achi osoo jedhaniin arge. Qalama barreessu tokko cinatti kan qabate ergamaan
tokko lafaa gara waaqaatti deebi’ee hojiisaa akka xumureefi qulqullootni akka lakkaa’amaniifi
mallatteeffamana yesuusitti dubbate. Isa boodas abboommota kurnan kan baatu, gabatee kakuu sana
fuuldura tajaajila isaa ture baattuu (qodaa)ixaanaa sana yesuus ni darbate. Harkasaas ol kaasee sagalee
guddaadhaan “raawwatame” jedhe” jedhe. EW279 Mul. 8:5 “Seexanni michoota waaqayyoo kana yeroo
isaan hammeessuufi isaan balleessuuf osoo inni barbaaduu kan hin mul’anne qulqulloonni ergamootni
waaqaa mallattoo waaqa jiraataa sana isaanirratti eegaa asiifi achi jedhu. Addasaaniirratti maqaan
waaqayyoo barreeffamee hoolichaa waliin gaara Tsiyoon irra kan dhaabbatan isaan kana.”5T475-76
2TT179 “Mallatteeffamuun garboota waaqayyoo kun isa Hisqeelitti mul’ataan erggame waliin tokkoodha.
Mul’ata dinqisiisaa kanaaf Yohaannisis ragaasaa ture. Yohaannis galaanaafi bubbeen yeroo
hunkuramaniifi onneen namootaas sodaadhaan osoo baquun arge. Innis lafti osoo sochootuufi tullootni
garaagaraa galaanaatti yeroo fudhataman, kunis sirriitti yeroo raawwatamu galaanonni yeroo iyyaniifi
raafaman, tulloonnis yeroo humnaan raafamanan arge. Dhukkubootni ipidemic disease (dhukkuba
battalatti tokkotti bakka murta’aa ta’e tokko ga’ee nama hunda dhukkubsachiisu (golfaa), beelaafi duuti
ergama isaanii isa sodaachisaa utuu raawwataniin arge.” TM 445-446.
“Ergamaan guddaan tokko karaa ba’a biiftuu utuu gadi ba’uu nan arge. Ergamoota hundarra kan caalu
ergamaan kun harksaatti mallattoo waaqa jiraataa ykn jireenya inni qofaan kennuu danda’u mallattoo
ykn barreeffama du’uu dhabuufi jireenya bara baraa kan kenneef addarratti barreessuu kan danda’u
chaappaa qabatee ture.” TM 444-445. Waaqayyo hojiisaa hojjechaa jira. Guutummaan samiis socho’aa
jira. Abbaa firdii guutummaa lafaa kanaa, isa tuffatame aboosaa dhugummaasaa hubachiisuuf yeroo
dhiyootti ni ka’a. abboommota waaqayyoo kan eegan irratt, seerotasaa kana kan kabajan irratti mallattoo
bineesichaa ykn fkn isaa fudhachuu warra hin feenerratti mallattoon fayyinaa sun ni godhamaaf. 5T451-
452 Seexanni yeroo mallatteeffamuu kanatti sammuu saba waaqayyooo dhugaa yeroo kana akka hin
fudhanneef akka hin amanne gochuuf tooftaa qabu hundumaan fayyadamaa jira. Waaqayyo yeroo
dhiphinaatti akka isaan eeguuf golgaa inni sabasaa ira godhen arge. Dhugaaf kan murteeffataniif
garaasaanii qullaa’aa kan ta’e hunduu golgaa (eegumsa) waaqaa isa hundumaa danda’uun ni marfamu.”
EW43
MALLATTOON WAAQAYYOO MAAL INNI?
Wantoota lamatu chaappaa jedhamee waamamuu danda’a:

Page 8
Gingilfamuu SDACH
1. Mallattoo sana gochuuf meeshaa fayyaduufi
2. Mallattoo sana mataasaati
“Mallattoo waaqayyoo yeroo jennu, guutummaa seera waaqayyoofi sanbata ykn caalmaattuu abboommii
4ffaa haala adda ta’een meeshaa ittiin sabni waaqayyoo mallatteeffaniidha. Sababiin isaas maqaan abbaa
seeraa sun, aboosaafi taayitaasaa kan qabu barreeffamni kan argamu abboommii isa 4ffaa kana
keessattiidha. Seerriifi sanbatni guutummaa waaqayyoofi hojii namaa jijjiruu hafuura qulqulluu
calaqqisiisa. Karaa kan biron immoo mallattoo (chaappaan) waaqayyoo, mallattichi mataansaa ykn
meeshichi waraqaa ragaarratti godhamuudhaan bu’aa argamu jedhamee kan hiikame jireenya nama
waaqayyoorra kan ibsu guutummaa waaqayyoofi kan kiristoosiin kan fakkaatu amala kiristaanotaati.
Mallatteessuu jechuun, sanyiin namaa haala shakkii hin qabneen dhugaarratti hundeessuun, haala hin
jijjiiramneenis seerota waaqayyoo jireenya namaa keessatti bocuu ykn eeguu jechuudha. Dabalataanis
chaappaan waaqaa raga dhugaa ta’e irratti akkuma godhamu, chaappaan waaqa jiraataas kan inni
godhamu jireenya kiristaana dhugaa ta’ee, dhiiga kiristoosiin dhiqatee kan qulqullaa’e, safartuu seera
waaqaarratti hundaa’uudhaan jireenya qullaa’eefi nama haara’e qofa irrattidha. Efesoon 1:13; 4:30
Adda saba waaqarratti kan godhamu mallattoon waaqa jiraataa kun maal inni? Mallattoo fayyinaa kan
ergamaan balleessu sun adda saba saa irratti godhu, ergamootarraa kan hafe ija sanyii namaatti kan hin
mul’anneedha (hin dubbifanneedha).” 4BC1161. Fiixee qalama barreessuu sanaa kan qabate ergamaan
adda namoota cubbuufi cubbamootarraa adda ba’anii hundatti chaappaa ni godha. Ergamaan balleessus
ergamaan isa kana hordofee niba’a.4BC1661
“Maqaan abbaa seeraa aboofi taayitaan isaa kan argamu abboommoota 10’n keessaa isa 4ffaa sana keessatti
qofaadha. Seerri taayitaa eenyuun akka kenname kan agarsiisu seera kana qofaadha. Haaluma kanaan
ragaa dhugummaasaafi chaappaa waaqayyoo qabatera. PP307 “Namoota seera jala jiraataniifi du’oo
ta’anitti dubbatannee kan hin beeknee ergaa baay’ee kabajamaa ta’e absuudhaan seeran waaqayyoo
ilaaltuu amalaafi mallattoo waaqayyo jiraataa gochuudhaan utuu dhiyeessaa jiranii, Adiveentistootni
maqaa tokko tokko mata-jabina cubbuu keessa jiraachuudhaan qajeelfama seera isaa ni cabsu.” 2T468 “
Mallattoon waaqayyoo yaadannoo uumama waaqayyoo kan taate sanbata guyyaa 7ffaa eeguudhaan
beekama. Waaqayyo Museetti akkas jedhee dubbate. “saba Israa’elitti kan himtu dubbiin isa kana. Ani
waaqayyo isa isin qulqulleesse akkan ta’e akka beektaniif anaaf isin gidduutti, ijoollee ijoollee keessanii
gidduutti mallattoo barabaraa waan ta’eef guutummaatti sanbatoota koo eegaa.” S.Ba’uu 31:12,13.
Asirratti sanbatni waaqayyoofi sabasaa gidduutti mallattoo akka ta’e ifa godhee kaa’eera.” 8T117 3TT 232
TURTII FI YEROO ITTI MALLATTEESSUUN KUN RAAWWATAMU
“Yeroon mallatteessuu kunbaay’ee gabaagaadha. Dafees ni raawwata. Ergamootni arfan qilleensa golee
arfanii qabanii osoo jiranii waamamuufi filamuu keenya kan nuyi sakattaanu yeroon ammaadha.”EW58
“ Gochi sodaachisaan akkasiifi murtoo sodaachisaan (dinqisiisaan) akkasii ishee hamtuu biyya lafaarratti
kan dhufan erga ta’ee iddoon dukkanaa saba waaqayyoo garam laata? Dheekamsi sun hamma darbutti
akkamitti golgamu laata? Yohaannis wantootni uumama ganamaa ykn socho’i lafaa, bubbee jabaaniifi
jeequmsi siyaasaa guddaan ergamoota 4’n sanaan dhorkamanii akka jiran arge. Qilleensonni kun hamma
waaqayyo biyyi lafaa akka badduuf heyyamutti akka dhorkamanitti turu. Waldaan waaqayyoof garuu
fayyinni jira. Ergamootni waaqayyoo qilleensota golee lafaa qabuudhaan qilleensi lafatti, galaanatti ykn
mukatti garbootni waaqayyoo hamma mallatteeffamanitti akka hin qilleensofne gochuudhaan
abboommiisaa raawwatu. Ergamaan guddaan tokko karaa baha biiftuu osoo ba’uu argame. Kun
maleekota(ergamoota) hundaarra kan caalu harkasaatiin kan isa jiraataa waaqayyoo ykn jireenyi inni
qofaan kennuu akka danda’u mallattoo ykn barreeffama du’uu chaappaa qabatee ture. Ergamootni arfan
(4’n) qilleensota 4’n hamma hojiin kun raawwatuufi qilleensa akka gadhiisan waamichi ta’uttiqilleensa
qabanii akka turaniif ajajuuf aangoo kan qabu sagalee ergamicha guddaa kanaati.” TM444-445 “Yeroon
dhiphina guddaan sun yeroo dhufu dhimmi nama kamiiyyuu mutaa’eera. Yeroo haraaraa raawwateera.
Nama qalbii hin jijjiiranneef haraarri hin jiru. Mallattoon waaqa jiraataa sun adda sabasaa irra jira.”
5T213
MALLATTEEFFAMUUF HAAL-DUREEWWAN BARBAACHISAN:

Page 9
Gingilfamuu SDACH
“Kan mallatteffaman sanatu yeroo dhiphinaa sana ciminaan keessa ba’uufi gooftaasaanii
gammachuudhaan simachuu danda’a. Waamicha haraaraa kan dhaga’an baay’onni ni qoramu. Namoota
dhugaa ta’uun isaaniis nibeekama. Haa ta’u malee muraasatu mallattoo waaqa jiraataa sanaan
mallatteeffama. Mootummaa waaqaatti galuudhaafis muraasni akka daa’imaa mataasaanii gadi ni
deebisu.” 5T50 “ Qophaauuf yeroon isaa amma. Adda dhiira ykn dhalaa hin qophoofnee irratti mallattoon
waaqa jiraataa hin godhamu. Biyya lafaa jaallachuutti hawwii jabaa kan qaban dhiirota ykn
durbootarratti tasumaa hin godhamu. Arraba sobaa ykn laphee (garaa) gowwomsituu kan qaban adda
dhiirotaafi durbootaa irratti chaappichi raawwatee hin godhamu. Mallatticha kan fudhatan hundumtuu
fuula waaqayyoo duratti mudaa malee ta’uu qabu. Samiidhaaf kan kaadhimamaniidhahoo.” 5T216
“Yesuus mana qulqullummaa keessa jira. Innis mana qulqullummaa sana dhiisee ba’uun dura yakka
sabaatiif dhiifama gochuudhaan irra daddarbi (sin) keenya akka nuuf dhiifamuuf aarsaan nuyi
dhiyeessinu kadhannaa keenyaafi qalbii jijjiirannaa cuubbuufi jal’ina keenyaa har’aa ni fudhata. Yeroo
yesuus mana qulqullummaa dhiisee ba’u qulqulluufi tolaa kana ta’an qulqulluufi tolaa ta’anii turu.
Sababiinsaa, cubbuun isaanii hunduu waan isaanii haqamuuf i. haa ta’u malee, jaj’ootniifi xuraa’onni
jal’ootaafi xuraa’ota ta’anii hafu. EW 48 Mul.22:11
Uffata adii uffachuudhaan yesuusii wajjin deemuuf kan jiran namoota keessatti cubbuun kamiyyuu, maal-
dhibdeedhaan bira hin darbamu. Uffatni xuraa’e ba’uutu irra jira. Ka kiristoos uffatni tolaa sun nurratti
uwwifamuu qaba. Qalbii jijjiirannaafi amantiidhaan seerota waaqayyoo eeguufi isa duratti mudaa malee
taanee argamuu dandeenya. Waaqayyo “ isaan kan malaniidha” akka isaaniin jedhuuf kan ga’an hunduu
amma lubbuusaanii dhiphisaa, cubbuusaanii himachaafi karaa eegduu isaanii kan ta’e yesuus kiristoos
dhiifama cubbuutiif ciminaan kadhachaa jiru.” 5T472
“Amala keenyatti mudaa ykn dadhabbii tokkollee yoo qabaannee, eenyuun keenyallee mallattoo
waaqayyoo tasumaa hin fudhannu hojiin hir’ina amala keenyaa sirreessuufi lubbuu qulqulleessuu,
gochaan xuraa’ummaa kamittuu qulqulluu nurratti kan gatameedha. Sana booda bokkaan duraa
bartootarratti akkuma bu’e bokkaan booddees nurrattis ni bu’a.” 5T214 “ Yeroo dhiyootti dhugaa kan
fudhatan waa’ee kiristoosiif dhiphachuun maal akka ta’e beekuu akka qabaniifi mallattoo waaqa jiraataa
fudhachuuf, yeroo qorumsaa (dhiphinaa)keessa ciminaan darbuuf, mootichas miidhagummaasaatti eeguuf,
waaqayyoofi qulqulloota ergamootasaa fuuldura jiraachuuf qulqullooftee, karaa dhiphinaa sanas
dorgomaa taatee qorumsa jabaafi hamilee nama madeessu keessa akka darbitu beekuu akka qabdun arge.
Amma garuu dhumuuf waan jiruuf nuyi waggoota baay’eef baraa kan turre isaan immoo ji’oota muraasa
keessatti barachuu qabu. Kan isaan barachuu hin qabne waan baay’eetu jiru. Lammata barachuun kan
isaan irra jirus baay’eetu jira.” EW 67 “ Biyyi lafaa, foonsaaniifi seexanas kan moo’an mallattoo waaqa
jiraataa kan fudhatan waan gaariitu isaaniif ta’a. Garaasaaniittii kan hin qulqulloofne hunduu isa jiraataa
mallattoo waaqayyoo sana hin fudhatan. Cubbuu karoorsuudhaan kan hojjetan bira darbamu.”
Yeroo dhiphinaa isa jalqabaa
Mata duree kana akka boqonnaa addaatti ilaaluun kan barbaachiseef yeroo dhiphinaa yaada jedhu waliin
walitti akka hin buufneefi dubbiftoota gargaaruudhaafi. Gaaleen “yeroo dhiphinaa” jedhu kun
barreeffama E.G.White’n lamaan isaaniiyyuu biyya lafaaf xumura kan ta’e dhiphina kan fidan yoo
ta’aniyyuu bu’uura amalasaaniitiin adda kana ta’an yeroo lamaaf kana soban ta’anii caqafamaniiru.

1. Yeroo cufamuu baalbala haraaraatiin xumuramuuf kan ooluudha.


Waa’ee yeroo kanaa gooftaan lallabasaa keessatti raajii duubateera. Luk. 21:25,26 Yeroon kun kan inni
ittiin beekamu, waraanaan, socho’a lafaa, epidemic diseases, raajota sobduun manca’uu amala gaarii
dabalaa adeemuudhaan, samiitti milikkitootni mul’achuudhaan, waliigala kan ta’e miira sodaafi dhiphinaa,
akkasumas wangeelli guutummaa lafaatti lallabamuudhaan. Yeroon kun kan inni xumuramu: Labsiin
Mul’ata 22:11 yeroo labsamuudha. Ykn immoo yeroon kun yeroo dhiphinaaa isa guddaa waliin wal makuu
danda’a kan jeedhus jira. Yeroo labsichaatti, yerooma sana yeroon haraaraaf kennamu ni cufama
(raawwata).

Page 10
Gingilfamuu SDACH
2. Balaballi haraaraa akka cufameen yeroo itti aanee dhufuuf kan ooluudha:
yerichis kan inni xumuramu, yeroo yesuus deebi’ee dhufuuf duumessaan mul’atuudha. Yeroowwan kana
lamaan gidduuti karaa kamiyyuu hubachuu dhabuun osoo hin uumamin garaagarummaa salphaafi ifa ta’e
kitaaba kana keessatti lamaan isaaniiyyuu akka armaan gadiitti ilaalla.
A.Yeroo dhiphinaa isa jalqabaa fi
B. Yeroo dhiphinaa isa boodaa (2ffa
Waaqayyo sanbata kan fo’aniifi kan hin eegne akka qabun arge. Ifa sanbataa irratti kenname hin jibbine
(sanbata osoo beekanii hin fudhadhu hin jenne). Jalqaba yeroo dhiphinaa sanatti sanbata bifa guutuu
ta’een labsuuf yeroo baanu hafuurri qulqulluun ni quufa. Anis biyya lafaarratti beela, dhukkuba
adeemaafi raafama guddaan arge. EW33-34 Keeyyata armaan oliitti caqafame kan fudhatame jalqabni
yeroo dhiphinaa sun yeroo itti dhayichoonni turban gadhiifaman kan ibsu osoo hin taane, kiristoos
ammayyuu mana qulqullummaa samii keessa utuu jiruu dhayichootni turban osoo hin bu’in dura yeroo
gabaabduu jiru kan ibsuudha. EW85
Yeroo sanatti yeroo sochiin hojii fayyinaa adeemsifamutti yeroon dhiphinaa biyya lafaatti ni dhufa.
Moototni dheekkamsaan guutu. Haa ta’u malee hojiin ergamaa 3ffaa akka hin daangeffamneef ni
dhorkamu.” EW85,86 Geggeessaa hafuura qulqulluutiin kitaaba barreeffamerraa kan fudhatame
keeyyatni 3ffaa kun kan ibsu hojiin fayyinaa gara xumuraatti dhiyaachaa akka dhufeen haalota biyya
lafaarratti ta’aniidha. Raajii yesuus dubbate irratti hundaa’uun dhiphinni sun biyya lafaa irratti
babal’achaa akka deemu dubbachuusaas hubachuu. Yeroo sanatti dheekkamsi moototaa dabalaa adeema.
Bara keenyatti wanti raawwataman jru sirriidhumatti isuma kana, mootonni raafamaniiru. Addunyaa
keenyarratti baay’ee humna qaboota kan ta’an biyyoota gidduu kan jiru wal diddaaniifi mataa ofii
jaallachuu tokkoo tokkoo irratti kan hundaa’e, guutummaa addunyaa bituuf fedhiin qaban waggaa
waggaatti baay’otni humna waraanaa akka dabaluufi duulli akka cimuuf gaddisiisaa kan ta’e guddaatu
gochaa jira. Lola tokkoon booda kan biraatu dhufa. Nagaan akka ta’uuf warrootni yaalan (ifaajan) walii
galtee dhabamsiisuuf daandii ga’aa utuu hin argatin rakkoon irra deebi’ee isaan qunnameera.
DHA’ICHOOTA (PLAGUES)
Dhiphina bara booddeef qophaa’uu Fuula 175-186
Walitti qabaa
Bu’uun dhahichoota torbanii kan inni hammatu, yeroonsaa, yeroo gidiraan sun dhuunfatuudha. Yeroon
haraaraa yeroo ga’uufi manni qulqullummaan haaraan akkuma guuteen inni guddichi hangafni lubaa
keenya, yesuus kiristoos hojii haraarsuusaa dhaabee mana qulqullummaa keessaa niba’a. Cubbamoota
kan ta’an jiraattota biyya lafaa irratti baay’ee sodaachisoo kan ta’an murtoowwan waaqayyoo ni roobu,
(bu’u). “Mallatttoo waaqa jiraataa kan fudhatan, qulqulloonni bifa dinqisiisaadhaan miidhama qaamaa
irraa yeroo eegaman, cubbamootammoo ulee dheekkamsa waaqayyoo isaan ni dhiphisa. Sababnisaas
waaqayyo eegumsa isaa biyya lafaa irraa nikaasa. Sunis yoo ta’e iyyuu eegumsa isaa ijoolleesaarraa hin
kaasu. Diinnichi inni guddaanis mootummaansaa kan akkamii akka ta’e akka argisiisuuf
bilisummaadhaan gadhiifama.
Ayyaana waaqummaasaa kan hin fudhanne haraara malee ni hafu (adabamu). Ibsi dha’ichoota kanaa
Mul’ata 16 keessatti dubbifamuu danda’a.

Haalli dhayichoota sanaa gabaabinaatti:


1. Mallattoo bineensichaa kan qaban namoota irratti madaan sodaachisaaniifi dhiphisaan ni bu’a.
2. Galaanni dhiigatti jijjiirame. Galaannicha keessa jiraachaa kan turan uumamni lubbuu qaban hunduu
ni du’an.
3. Lagoonniifi burqitootni bishaanii dhiiga ta’an. Sababni isaas cubbamootni dhiiga qulqullootaa waan
dhangalaasaniif
4. Aduun namoota ibidda isheetiin ni gubde
5. Teessoo bineensichaarratti (Rom)

Page 11
Gingilfamuu SDACH
Mootummaansaas dukkanaan guute, cubbamoonnis dhiphinicha irraa kan ka’e ilkaansaanii qara.
6. Dha’ichi inni 6ffaan laga Efraaxis irratti dhagala’e. Bishaan lagichaas nigoge. Isa hamaafi gaarii
gidduutti kan godhamu lollis ni eegale.
7. Dha’ichi kun qilleensarratti gadi dhiifame. Cubbamootni hamma lapheen isaanii baqutti kan
sodaachisaniifi ijoolleen waaqayyoof fayyinasaanii isa dhumaa kan fidan ta’iiwwan walitti fufiinsa
qabaniifi yaada namootaas harkisan ni raawwatamu.
Isaan boodas gochaawwan isa waliin ta’an wajjin inni ulfina qabeessi mul’achuun kiristoos ni ta’a.
kaayyoon boqonnaa kanaa waa’ee dha’ichoota hundaa, qo’annaa guutuufi ragaadhaan deggerame
gochuuf osoo hin ta’in yaada ijoofi kitaaba kanaa waliin kan argaman waan ta’aniif waa’ee dha’icha
isa 6ffaafi 7ffaa haalota tokko tokko hubachuudhaaf.
IBSA HUBANNOO WALII GALA WAA’EE DHA’ICHOOTA KANAA
Mul’ata Boqonnaa 16 Dubbis
“…………” jedha waaqayyo. Erm.25:31
Ergamichi Yohaannis mul’ataan sagaleen guddaan tokko waaqa keessaa “lafaafi galaana keessa kan
jiraataniif garuu wayyoo. Seexanni gara keessanitti waan darbatameef, innis aarii guddaa qaba! Yeroo
xiqqoo qofa akka qabu waan beekuuf,” Mul.12:12-jedhee osoo iyyuu nandhaga’e. Sagalee waaqarrattiin
iyyi kun akka dhufu kan taasisan gochootni sun baay’ee sodaachisoodha. Yeroonsaa gababbaachaa yeroo
deemu dheekkamsi seexanaa dabalaa adeema. Hojiin dogoggorsuu fi balleessuu isaas yeroo dhiphinaa sana
keessatti sadarkaa olaanaarra ni ga’a. GC628 “Waaqayyoo saba israa’eliin fayyisuuf (oolchuuf) yeroo
dhiyaatetti dhayichootni biyya misir irratti bu’aniifi sabni waaqayyoo altokkicha isa dhumaaf fayyuuf
(furamuuf) yeroo xiqqoon yeroo haftutti biyya lafaarratti kan bu’an baay’ee sodaachisoofi murtoowwan
gurguddoon amalaan wal fakkaatu. Abbaan Mul’ataa dhayichoota sodaachisoo kana yeroo ibsu…..”
jedhee dubbata. Mul. 16:2-6, GC 627-628
YEROO ISAA
“Dha’ichootni kun kan bu’an manni qulqullummaa cufamee yeroo itti haaraan guutamuudha. Mul. 16:8
jehda biraan dha’ichootni kun kan dhufan cufamuu balbala haraaraa boodaafi yeroo dhiphinaa sana
keessattidha. Osoo yesuus mana qulqullummaa tajaajilaa jiruu dhayichoothi kun bu’uu hin danda’an.
Garuu hojii mana qulqullummaa raawwatee, haraarsuus yeroo dhaabu dheekamsa waaqayyoo kan
dhorku (ittisu) raawwatee (tasumaa) kan jibban, iddoo baqaa malee kan hafan, seera kan cabsan, mataa
cubbamootaa irratti aarii guddaadhaan ni bu’a.” EW280
HANGA YKN HAMMA ISAA
“Dha’ichootni kun guutummaa lafaarratti hin ta’an osoo akkas ta’animmoo jiraattotni lafarraa hunduu
guutummaatti ni badu turan. Garuu du’aa kan ka’an sanyiin namaa argees dhaga’ee kan hin beekne
dha’ichoota baay’ee sodaachisoon ni ta’u. Cufamuu balbala haraaraa dura ilmaan namootaa irratti dhufaa
kan turan murtoowwan hundumtuu kan isaan dhufan haraaraa wajjin walmakuudhaani. Cubbamaan sun
waan balleesseef kan isaaf malu adaba guutuu akka hi fudhanne gochuuf kan dhiyaate dhiiga kiristoosiin
marfameera. Garuu, dheekkamsi murtoo isa dhumaa, haraaraa wajjin osoo wal hin makin bu’a.” GC.628,
629.
TURTII ISAA
Yeroon turtii dha’ichoota kanaa baay’ee gabaabaa in ta’a. “ dha’ichootnishee guyyaa tokkoon in dhufu,
kan jedhu Mul. 18:8 keessatti kan dubbatame “Guyyaa” jechi jedhu yeroo raajii kan mul’isu yoo ta’uuf
tokkoo tokkoon guyyaa waggaa tokkoof (His. 4:6) kan jedhu madaalli raajiif kan fayyadamu yoo ta’e,
dha’ichootni sun waggaa tokkoof ture jennee yaaduu dandeenya ta’a. hafuurri raajii waa’ee dheerina
yerichaatiif waanta dubbate tokkollee hin qabu. Waldaan adiveentistii guyyaa 7ffaa afaan jalqbaa
macaafni qulqulluun ittiin hiikame (Griik) wantichi akka tasaa ta’uufi osoo hin eegin akka dhufu malee
waa’ee dheerina yerichaa akka hin dubbanne ni beeksisu (amanu).
WARRI MALLATTAA’AN AKKAMITTI AKKA EEGAMAN.
“Ijoolleen waaqayyoo karaa dinqisiisaa ta’een dha’ichoota sanarraa ni eegamu.” Far.9:1
“Cubbamoota beelaafi dhukkubaan yeroo du’an qulqullootni ergamootaan eegamu. Waan isaa n
barbaachius nidhiyeessuuf. Isaaf qulqulla’anii kan jiraataniif bishaan isaaniifimidhaan isaanii amansiisaa

Page 12
Gingilfamuu SDACH
ni ta’a. hiyyeessonniifi rakkatootni bishaan ni barbaadu. Hin argatanis, arrabni isaaniis dheebuudhaan ni
goga. Ani waaqayyoo isaan nan dhaga’a; ani waaqni Israa’ellis isaan hin gatu.”jedha” Isa 33:16,41:7
GC629
BEELA DUBBII WAAQAYYOO
Bara dheeraaf tuffatanii kan turan eegumsa haraaraa waaqayyoo namootni baay’een yeroo sana ni
hawwu.” Amoos 8:11,12 GC629 “Warri biroon karaa ittiin murtoo waaqayyoo jalaa ooluun danda’amuu
akka isaan barsiisan kadhachuudhaaf garsaaniitti fiigu(gara saba waaqayyootti fiigu). Haa ta’u malee,
qulqullootni cubbamootaaf waan godhan hin qaban. Cubbamootaaf imimmaan xumuraa dhangala’eeraa.
Kadhannaan gaddaa inni xumuraas isaaniif kadhatameera. Ba’aan inni xumuraas isaaniif baatameera.
Akeekkachiisni xumuraas isaaniif kennameera.” EW281
DHA’ICHOOTA 6FFAA FI 7FFAA HAMAA FI GAARII GIDDUUTTI KAN GODHAMU LOLA ISA
XUMURAA
Gaariifi hamaa gidduutti kan godhamu lolli inni xumuraa kan jalqabu yeroo dhayicha isa 6ffaatti yeroo
ta’u kan xumuramu immoo yeroo dha’icha isa 7ffaattiidha. Kun raajii ammayyuu hin raawwatamin
jiruudha. Amalootni isaa tokko tokko keessumaa immoo gami siyaasaa isaa ifaa miti. Kanaafuu, isaan
kana ilaalchisee yaadotni baay’een jiraachuun isaanii kan nama ajaa’ibsiisan miti. Kaayyoon kitaaba
kanaa, yaadota kana keessa galuuf, fkn waa’ee mootota bahaatiif ykn dhiyaatiif karaa qopheessuudhaaf
laga Efraaxis isa gogeefi qabiyyee siyaasaa Lola guddaa sana dubbachuuf miti. Haa ta’u malee nuti
bal’inaan kan xiyyeeffanne isa baay’ee barbaachisaa ta’e amala raajii irrattiidha. Isaan kana ilaalchisee
garaagarummaan kamiyyuu hin jiraatu. Sababnisaas, hiiknisaa inni sirriin kan bu’uurreeffame dubbii
waaqayyoo irrattidha. Hafuurri raajiis haala quubsaa ta’een kana in mirkaneessu. Jechi Armaageedoon
jedhu guutummaa macaafa qulqulluu keessatti altokkittii maqaa dha’ame. Mul’16:16 tarii iddoon kun
ifatti “geographically” iddoowwan beekaman wajjin wal hin fakkaatan. Kun guyyaa waaqayyoo isa
guddaaa sanatti loluudhaaf kan jiru lola guutummaa lafaa sana kan mul’isu malee lafa kanarraa iddoo
murtaa’aa akka ibsa fakkeenyaan kennamuutti fudhachuun waan danda’amuudha. Kunis dhimma
rawwatee ifa hin taaneedha. Ergamichi yemmus ani afaan bineensa isa akka jawwee sana keessaa afaan
bineensicha ia kaanii keessaa, afaan raajii sobduu keessaas hafuurotni xura’aan sadii fattee fakkaatanii
utuu ba’anii nan arge. Isaan hafuurota seexanaa warra milikkitoota garaagaraa agarsiisaniidha; isaan kun
mootota, guutummaa biyya lafaa, lola guyyaa isa guddicha kan waaqayyoo hundumaa danda’u sanaaf
walitti qabuudhaaf warra ba’aniidha.”Jedha. Mul.16:13, 14
Lakkoofsa kana lakkoofsota macaafa qulqulluu kan biroofi dhimma kana waliin kan wal qabate
keeyyataaf hafuura raajii waliin wal bira qabnee yoo ibsamu waa’ee Armaageedoon gara yaada gudunfaa
armaan gadiitti nu geessa.
1. Lola sobaafi dhugaa gidduutti taasifamuudha
2. Diinummaa kiristoosiifi seexana gidduutti ta’uudha
3. Ergamootni kufan lola kanarratti ni hiriiru
4. Wal’aansichi kallattiidhaan ijoollee waaqayyoorratti ni ta’a
5. Humnootni amantiirraa fagaatan (jawwicha yjn lubbuu warra du’anii waliin haasa’uun ni
danda’ama amantii jedhu; bineensicha ykn likummaa Roomaafi sobduu ykn pirootestaantota
amantiirra fagaatan hundumaa) lolichatti dammaqinaan nihirmaata. Mul. 19:20,21 ilaali
6. Moototni lafaas lolichatti hirmaattota nita’u. Hirmaannaan isaaniis guyyichi (walitti-bu’iinsi)
amala siyaasummaafi sirna loltummaa (military system) akka qabaatu taasisa.
Lola kanarratti hangafa (mootii) dukkanaa sana jalatti humnootni gurguddoon sadan
tokkummaadhaan wal ni deggeru. Isaanis jawwicha (luubuuwwan du’an waliin dubbachuun ni
danda’ama amantii jedhu), bineensicha (phaaphaasii)fi raajii sobduu (pirootestaantota manatiirraa
fagaatan)dha.
Namoota waaqayyoof amanamoo ta’an irratti waraana in labsu. Kunis humna waaqayyoorratti waraana
labsuutti ilaalama. Haala kanaan waaqayyooon loluudhaan kaayyoo waliiniirratti humnootni kun tokko
ta’u. Namni hunduu mallattoo bineensichaa akka fudhatu nigeggeeffama. Mul. 13:16 labsiiwwan isaan
dirqisiisu akka isaaf godhaniif mootota gargaarsa kadhachuudhaan nmaoota amanamoo niari’atu. Kanatti

Page 13
Gingilfamuu SDACH
walii galuu kan didan hunduu murtoon du’aa isaanitti ni murtaa’a. Do’ii kana duuba ta’uudhaan gochoota
kana kan qajeelchan (hoogganan) hafuurota hamootadha. Isaanis humnoota seexanati. Isaani moototni
garaagaraa isa dirqisiisu ta’e guyyaa waaqayyoo isa guddaatti, Lola ta’u sanarratti tokkummaa
uumuudhaan hirmaattota akka ta’aniif isaan amansiisa. Kiristoos deebi’ee dhufuusaatiin yeroo muraasa
dura lolli isaa sadarkaa olaanaarraa niga’a. Mul. 16:15 kunoo ani akka hattuutti nan dhufa; kan jabaatu
galateeffamaadha; uffata isaas kan eeggatu. Kanaafuu lolicha keessatti humnootni murteessoon kanatti
fufiinsaan niuumamu.
1. Waaqayyorratti hiriira kan ba’an, seexana, macca hafuura hamminaa biyya siyaasaafi amantii
qaban humnoota…... mootota lafa irraafi cubbamoota ykn namoota hamoodha.
2. Waaqayyo waliin tokko kan ta’an; kiristoosiifi ergamootasaa deggertoota dhugaa kan ta’aniif
uumaafi seerasaa kan abboomamuu isaanii kan agarsiisan qulqulloota lafarraati. Mul’ata 19:11-21,
irratti kan dubbatame farad adiirra kan taa’e maatiin moototaa, gooftaan gooftotaa, saba
hamootaa wajjin wal lolee isaan ni moo’e; billaa afaan isaa keessaa ba’uunis isaan ni balleesse
(ajjeesse) inni jedhu waa’ee lola isa guddaaa kanaa kan dubbatu fakkaata. Lakk. 21.
Bineensichiifi raajichi sobaa galaana ibiddaatti ni darbataman,(lakk.20). Kunis jawwichi, jechuunis
seexanni ergamootasaa hundumaa wajjin xumura irratti iddoo inni itti gatamuudha. Mul. 20:10. Kun kan
ibsu kiristoos dhugaaniifi sabni waaqayyoo kan argatan moo’icha sa dhumaati.
Garbitiin waaqayyoo akka akkasitti barreessite. “Dhimma bu’uu dha’icha 7ffaa qorachuun nuuf ta’a.
humnoonni hamminaa jibba (diinummaa )isaanii wal’aansoo malee hin dhiisan. Lola Armaageedoon iratti
waaqayyoo ga’e hojii qaba. Mul.18 keessatti ergamicha yeroo lafti kun iftutti.” BC983. “ wal’aansoon
sodaachisaa ta’e nu fuuldura jira. Gara lola guyaa waaqayyoo isa guddaa ta’utti dhiyaachaa jira.
Daangeffamee kan ture hunduu gadhiifamuufiidha. Ergamaan haraaraa sun teessoo isaarraa bu’uuf
qophaafi biyya lafaa seexanni akka to’atuuf ishee dhiisuuf koochowwansaa dachaafachaa jira.
Humnootniifi abbootiin taayitaa biyya lafa waaqa samiirratti garmalee fincilaa jiru. Jibbi isaan warra
irratti qaban olka’aadha. Yeroo baay’ee dhihoo ta’etti isa hamaafi gaarii gidduutti kan ta’u inni giddaan
lolli xumuraa sun ni banama. Laftis waldorgommiin xumuraafi moo’ichi xumuraa kan itti ilaalamu dirree
waraanaa ni taati. Asitti inni seexanni yeroo dheeraaf akka fincilaniif namoota qopheesse, fincilli bara
baraan ni dhaabata.”LHMay 13/1902 Dhugaafi soba gidduutti kan taasifamu inni guddaan waraanni
xumuraa sun yeroo dheeraaf sababii seera waaqaatiif wal’aanson godhamaa tureef lola isa xumuraati.”
Gc582. Sochiin tokkummaa waldaalee kiristaanaa kan inni babal’atu USA keessatti qofa miti.
Awurooppaas ni dabalata. Sirni amantii prootestaantotaafi kaatolikootaa tokko ta’uudhaan
phaaphaasichiifi lubbuuwwan du’an waliin dudubbachuun ni danda’ama amantiin jedhu, pirootestaantota
amantiirraa badan waliin ta’uun tokkummaa yeroo uumanitti, abboommii waaqayyoof abboomamoo kan
ta’an gareen muraasni warra kaan waliin tokko ta’uu dhabuurraan kan ka’e warra addaafi sobdoota akka
ta’an godhamee itti ni ga’ifama. Hafuura dhugaa kan hin qabne hunduu geggeessaa bakka bu’ummaa
seexanaatiin tokko ni ta’u. Haa ta’u malee, isa guddaa Lola Armaageedooniif yeroon hamma ga’utti
to’annaa jala ta’uu qabu.Gc967
Seexanni biyya lafaa dogoggorsuuf; dhama’iinsa dhumaa gochuuf yeroo dheeraa jalqabee godhamaa ture.
Hundeen hojiisaa kan bu’uureffame ykn dhaabame Hewaaniin jannata keessatti. “Du’a garuu hi duutan,
guyyaa isarraa nyaattan iji keessan in banama; akka waaqaas in taatu; hamaafi gaariis nibartu.”
Jechuudhaan mirkaneessa inni isheedhaaf kenne irrattidha. Uum.3:4,5 Karaa babal’achuu lubbuu warra
du’anii wajjin wal-qunnamuun nidanda’ama. Amantii jedhu suuta suutaan gowwoomsaa isaa
oogummaadhaan guuteef karaa qopheesseera. Innis sagantaalee isaa guutummaatti fiixaan baasuu irra
ammayyuu hin geenye. Haa ta’u malee kan hafan yeroo gabaabduu keessatti sadarkaa karoora isaa
guutummaatti raawwachuurra niga’a. Raajichi Yohaannis “……” jedha. Mul.16:13,14 Dandeettiiwwan
namaan ol kan ta’an ta’iwwan sadan isaan hafuurota ……. Hojjetaniif milikkita humna samii fiduudhaan
yeroo dhiyootti samii keessaan ni mul’atu. Seexanni wal’aansoo dhumaa mootummaa waaqaa irratti godhu
irratti akka isa deggeraniifi isaan jajjabeessuudhaafi gowwoomsuf macca hafuura hamminaa gara mootota
lafaafi gara mootummaa lafaatti ergeera. Karaa kanaa (bakka bu’oota kanaa) bulchiinsiifi warri isaan
jalatti bulan tokkummaadhaan nigowwoomfamu. Namootni fayyisaa biyya lafaatiif kan malu maqaafi

Page 14
Gingilfamuu SDACH
sagadni akka isaaniif ta’u dubbachuudhaa, kiristoos mataasaa akka ta’an of fakkeessuudhaan ni ka’u.
isaanis baay’ee ajaa’ibsiisoo kan ta’an dinqiiwwan fayyisuu godhu. Dhuga-ba’umsa macaafa qulqulluu
kan faallessan mul’atota akka argatan ni dubbatu.” Gc624
Haa ta’u malee firiin xumura Lola Armaageedoon, kan kiristoosiifi waldaasaa, kan waaqayyoofi
dhugaasaa haala ifa ta’een mo’icha gonfachuun ta’a. Raajichi phaawuloos akkas jedha. Mul. 17:14
Dabalataanis Mul.19 lakk. gara xumuraa keessatti bineensichiifi raajichi sobaan qabamanii galaana
ibiddaafi ……. Gatamuusaanii, akkasumas afaan kiristoos, isa fardarra taa’e keessaa billaa ba’uun
loltoota ajjeeffamaniifi du’a diinota waaqayyoo dubbata.
ABDII KUTANNAA CUBBAMOOTAA
“Sagaleen waaqayyoo boojuu sabasaa yeroo deebisutti yeroo wal’aansoo jireenyaa isa guddaatti namootni
hundumaa dhaban haala baay’ee naasisaa ta’een haalicha (waanticha) ni beeku (ni baru). Waanti guddaa
isaan godhe hundumtuu taa’ee hamma hiyyeessotaafi garagaarsa kan hin qabne ta’aniiru. Uumaasaanii
gararraa (ol) godhanii kan turan badiisa waaqota tolfamaa isaanii naasuudhaan ni ilaalu. Jireenya
(lubbuu)isaanii badhaadhummaa lafaatti gurguranii turan. Waaqayyoon duratti badhaadhaa ta’uu hin
barbaadne turan. Bu’aan isaas garuma dhabuu jireenya isaaniiti. Gammachuun isaanii amma gaddatti,
badhaadhummaan (galmeen) isaanis gara bososuutti jijjiirameera. Bara jireenyasaaniitti kan buufatan
hunduu libsuu ijaatti haxaa’amee ni deema/bada.” Gc 654 Isay.26:21, Zak. 14:12 “cubbamoota keessaa
bay‘otni dha’ichoota sanaan yommuu rukutaman ykn dhiphatan baay’een ni dheekamu. Dubbichi do’ii
dhiphinaa jibbisiisaa ta’eedha. Warri ijoolleesaanii, ijoolleenis warrootasaanii obboloonni
obboleettotasaanii, obboleettonnis obbolootasaanii … “Yeroo sodaachisaa kana jalaa nu oolchuu kan
danda’u dhugaa akka ani hin fudhanneef kan daangesse si’idha”kan jedhu iyyi boo’icha baay’ee ol ka’aa
ta’e kallattii hundatti ni dhaga’ama. Namoonnis jibba hadhaawaa ta’eeniifi……..gara lallabdoota
wangeelaatti deebi’anii guutummaan lafaa ni jijjiirama (kiristaana ta’a) jettanii nutti himtanii turtanii?
Soda namoota keessatti dhaga’amuu jalqabee cal-jechisiisuuf (nagaadha x2) jedhaa iyyaa turan.waay’ee
yeroo kanaa waan tokkoyyuu nutty hin himne. Waa’ee yerichaa akeekkachiisaa kan turan namootas, nuun
kan balleessan akiraarotaafi namoota hamoo gootanii wangeelaa kun dheekkamsa waaqaa jalaa akkasaan
hin oolen arge. Dhiphinni isaaniis dhiphinna saba sanaarra harka kudhan kan guddatu ture.” GW282

AMEEN !

Page 15

You might also like