You are on page 1of 7

BOQONNAA KUDHA SHAN

Waaqeffannaa Waaqayyo Biratti


Fudhatama Qabu
 Amantiin hundi Waaqayyoon ni gammachiisaa?
 Amantii dhugaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?
 Yeroo har’aatti namoonni dhugaadhaan Waaqayyoon
waaqeffatan eenyufa’i?
1. Karaa sirrii ta’een Waaqayyoon waaqeffachuudhaan faayidaa argachuu kan
dandeenyu akkamitti?

YIHOWAAN baay’ee waan nuu yaaduuf qajeelfamasaa isa jaalalarratti


hundaa’erraa akka faayidaa argannu barbaada. Karaa sirriidhaan yoo
isa waaqeffanne gammadoo taana; rakkoowwan nu mudatanis ni
moona. Kana malees gargaarsaafi eebbasaa arganna. (Isaayaas 48:17)
Dhaabbileen amantii dhibbaan lakkaa’aman waa’ee Waaqayyoo dhugaa
akka barsiisan dubbatu. Haata’u malee, Waaqayyo eenyu akka ta’eefi
maal akka nurraa barbaadu ilaalchisee barumsiwwan isaan barsiisan
baay’ee adda addadha.
2. Karaa sirrii ta’een Yihowaa waaqeffachuu barachuu kan dandeenyu akkamitti? Kana
hubachuuf fakkeenya isa kamtu nu gargaara?

Karaa sirrii Yihowaa itti waaqeffachuu dandeessu beekuu kan
dandeessu akkamitti? Wantoota dhaabbileen amantii barsiisan hunda
qorachuufi wal bira qabdee ilaaluun si hin barbaachisu. Waaqeffannaa
dhugaa ilaalchisee barumsa dhugaa Macaafni Qulqulluun barsiisu
beekuun kee qofti ga’aadha. Kana fakkeenyaan ilaaluuf: Biyyoottan
baay’eetti rakkinni qarshii sobaa qarshii dhugaa fakeessanii hojjechuu
jira. Hojiin qarshii sobaa qarshii dhugaattii gargar baasuu utuu sitti
kennamee maal goota? Mallattoowwan qarshii sobaarratti argaman
hundaa sammuutti qabachuuf yaalii gootaa? Hin gootu. Yeroo kee
qarshii dhugaa qo’achuurratti utuu dabarsitee gaarii ta’a. Qarshiin
dhugaa maal akka fakkaatu sirriitti yoo beekte qarshii sobaa salphaatti
baruu dandeessa. Haaluma wal fakkaatuunis amantii dhugaa akkamitti
beekuu akka dandeenyu yeroo barannutti, amantii sobaas baruu ni
dandeenya.
3. Akka Yesus ibsetti Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoo barbaanne maal
gochuu qabna?

 3 Karaa Yihowaan barbaaduun isa Waaqeffachuun keenya baay’ee


barbaachisaadha. Namoonni baay’een amantiin hundinuu waan
Waaqayyoon gammachiisu isaanitti fakkaata; haata’u malee Macaafni
Qulqulluun akkas jedhee hin barsiisu. Ani Kiristiyaanadha ofiin jechuun
qofti ga’aa miti. Yesus akkas jechuudhaan dubbateera: “Jaalala abbaa
koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee,
namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala
miti.” Kanaafuu, Waaqayyo biratti fudhatama argachuu yoo barbaanne
wanta inni nurra barbaadu beekuufi gochuu qabna. Yesus namoota
jaalala Waaqayyoo hin raawwanneen: “Isin yaa warra hamaa hojjettanii”
jedhee waameera. (Maatewos 7:21-23) Akkuma qarshiin sobaa gatii hin
qabne amantiin sobaas gatii hin qabu. Kanaa mannaa amantiin akkasii
miidhaa geessisa.
4. Jechi Yesus karaawwan lamaan ilaalchisee dubbate hiika maalii qaba? Karaawwan
kunoo garamitti geessu?

Yihowaan namoonni hundi carraa itti jireenya barabaraa argachuu
danda’an isaaniif baneera. Haata’u malee, Jannata keessa bara baraaf
jiraachuuf karaa sirrii ta’een Waaqayyoon waaqeffachuufi karaa isa
biratti fudhatama qabuun jiraachuu qabna. Kan nama gaddisiisu garuu
namoonni baay’een kana gochuuf fedhii hin qaban. Yesus jecha armaan
gadiitti argamu kan dubbates kanaafi: “Karra isa dhiphaadhaan ol galaa!
Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas bal’aa dha;
namoonni ittiin ol galan immoo baay’ee dha. Karaan gara jireenyaatti
geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan
muraasa.” (Maatewos 7:13, 14) Amantiin dhugaa gara jireenya bara
baraatti kan geessu yeroo ta’u, amantiin sobaammoo gara badiisaatti
geessa. Yihowaan namni tokkoyyuu akka badu hin barbaadu; namoonni
bakka kamiyyuu jiraatan carraa itti waa’eesaa barachuu danda’an kan
banes kanumaafi. (2 Phexros 3:9) Kanaafuu halli nuyi itti Waaqayyoon
waaqeffannu jireenya nuuf argamsiisa ykn du’a nutti fida.
AMANTII DHUGAA BEEKUU KAN
DANDEENYU AKKAMITTI?
5. Namoota amantii dhugaa hordofan akkamitti beekuu dandeenya?

Karaa “gara jireenyaatti geessu” argachuun kan danda’amu  akkamitti?


Yesus amantii dhugaan jireenya namoota amanticha hordofaniirratti ifatti


akka mul’atu dubbateera. “Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu.”
Akkasumas “Mukti gaariin ija ba’eessa in godhata” jedheera. (Maatewos
7:16, 17) Karaa garabiraadhaan namoonni amantii dhugaa hordofan
amantiisaaniitiifi amalasaaniitiin beekamu jechuudha. Waaqeffattoonni
dhugaa gonkummaa kan hin qabneefi namoota dogoggoruu danda’an
ta’anis, tuutaan jaalala Waaqayyoo raawwachuuf carraaqqii godhu.
Karaawwan namoota amantii dhugaa hordofan itti baruu dandeenyu ja’a
haa ilaallu.
6, 7. Tajaajiltoonni Waaqayyoo Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabu? Gama
kanaan Yesus fakkeenya kan ta’u akkamitti?

Barumsi tajaajiltoonni Waaqayyoo warri dhugaan barsiisan Macaafa


Qulqulluurratti kan hundaa’edha. Macaafni Qulqulluun akkas jedha:


“Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin
caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf,
qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo
waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka
ta’u in godha.” (2 Ximotewos 3:16, 17) Phaawulos Kiristiyaanota hidhata
amantiisaa ta’aniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Dubbii
Waaqayyoo isa nuyi lallabnu yeroo argattan, akka dubbii namaatti utuu
hin ta’in akka dubbii Waaqayyootti fudhattaniittu; innoo, dhuguma dubbii
Waaqayyoo ti.” (1 Tasaloniiqee 2:13) Kanaafuu, amantiiniifi barsiifanni
amantii dhugaa ilaalchaafi duudhaa namootaarratti utuu hin ta’in,
geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffame Macaafa
Qulqulluurratti kan hundaa’edha.
Yesus yeroo hundumaa Sagalee Waaqayyoorratti hundaa’ee

barsiisuudhaan fakkeenya gaarii nuuf ta’a. Kadhannaa Abbaasaatiif


dhiheesserratti: “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohannis 17:17)
Yesus Sagalee Waaqayyootti kan amanu ta’uusaarrayyuu, wanti inni
barsiise hundi Caaffata Qulqullaa’oo wajjin kan wal simu ture. Yeroo
baay’ee: “Kan jedhu caafameera” jechuudhaan caqasa caqasee dubbata
ture. (Maatewos 4:4, 7, 10) Haaluma wal fakkaatuun tajaajiltoonni
Waaqayyoo yeroo har’aatti argamanis yaada mataasaanii hin barsiisan.
Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uusaa waan amananiif,
barumsisaanii guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti kan hundaa’edha.
8. Yihowaa waaqeffachuun maal dabalata?

 8 Namoonni amantii dhugaa hordofan Yihowaa qofa waaqeffatu;


akkasumas maqaasaa ni beeksisu. Yesus: “Waaqayyo kee gooftichaaf
jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!” jechuudhaan dubbateera.
(Maatewos 4:10) Kanaafuu tajaajiltoonni Waaqayyoo, Yihowaa qofa
waaqeffatu. Waaqeffannaan kunis, maqaan Waaqayyoo inni dhugaan
eenyu akka ta’eefi amalawwan akkamii akka qabu namootatti himuu
dabalata. Faarfannaan 83:18 akkas jedha: “Maqaan kee isa jiraataa
[“Yihowaa, NW”] akka ta’e, ati kophaa kee guutummaa biyya lafaa irratti
gooftaa isa hundumaa gararraa jiru ta’uu kees haa beekan!” Yesus
namoonni kaan Waaqayyoon akka beekan gargaaruu ilaalchisee
fakkeenya gaarii kaa’uusaa kadhannaasaarrattis akkas jechuudhaan
dubbateera: “Biyya lafaa keessaa warra ati anaaf laattetti maqaa kee
beeksiseera.” (Yohannis 17:6) Waaqeffattoonni dhugaa yeroo har’aatti
argamanis waa’ee maqaa Waaqayyoo, waa’ee kaayyoosaafi waa’ee
amalawwansaa warra kaan barsiisu.
9, 10. Kiristiyaanonni dhugaa akka jaalala waliif qaban karaa kamiin argisiisu?

Tajaajiltoonni Waaqayyoo jaalala onneerraa maddeefi ofittummaarraa


walaba ta’e waliif qabu. Yesus: “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan


namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera.
(Yohannis 13:35) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jaalala akkasii waliif
qabu turan. Jaalalli seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e
akkasii kun rakkoowwan qomoo, jireenya hawwaasummaafi
lammummaa wajjin walitti dhufeenya qaban mo’uudhaan, ilmaan
namootaa jaalala obbolummaa deebi’ee hin banneen akka wal jaallatan
godha. (Qolosaayis 3:14) Miseensonni amantii sobaa jaalala
obbolummaa akkasii hin qaban. Kana akkamitti beekuu dandeenya?
Sababii sanyiifi lammummaatiin wal ajjeessu. Kiristiyaanonni dhugaan
garuu, namoota hidhata amantiisaaniirrattis ta’e nama garabiraa
kamiyyuu ajjeesuuf meeshaa waraanaa hin hidhatan. Macaafni
Qulqulluun akkas jedha: “Namni waan qajeelaa hin hojjenne, obboleessa
isaa hin jaallannes hundinuu, kan Waaqayyoo miti; ijoolleen Waaqayyoo
fi ijoolleen Seexanaas kanaan in beekamu. . . . Wal jaallachuun nuuf
ta’a. Akka Qaayin ta’uun hin ta’u. Inni kan isa hamaa sanaa ture;
obboleessa isaas in ajjeese.”—1 Yohannis 3:10-12; 4:20, 21.
 10 Garaaguutuudhaan wal jaallachuu jechuun warra kaan ajjeessuurraa
of qusachuu qofa miti. Kiristiyaanonni dhugaan haala ofittummaarraa
adda ta’een, yeroosaanii, humnasaaniifi qabeenyaasaaniitiin wal
gargaaru. (Ibroota 10:24, 25) Yeroo rakkinaatti wal gargaaru; walitti
dhufeenya warra kaanii wajjin qabaniinis amanamummaa argisiisu.
Kanaafuu, gorsa Macaafa Qulqulluu isa “nama hundumaaf, . . . gaarii in
hojjenna” jedhu hojiirra oolchu.—Galaatiyaa 6:10.
11. Waaqayyo nu fayyisuuf Yesusiin akka gargaarame amanuun barbaachisaa kan ta’e
maaliifi?

Kiristiyaanonni dhugaa, Waaqayyo nu fayyisuuf Yesus Kiristosiin akka


11 

gargaarame ni amanu. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Fayyinnis


Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru;
maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan
namootaaf hin kennamne.” (Hojii Ergamootaa 4:12) Boqonnaa 5rratti
akka ilaalletti Yesus ilmaan namootaa warra ajajamoo ta’aniif lubbuusaa
furii godhee dhiheesseera. (Maatewos 20:28) Kana malees, Waaqayyo
Yesusiin Mootummaa Waaqayyoo isa samiirra taa’ee guutummaa biyya
lafaa bulchurratti akka mo’uuf isa muudeera. Waaqayyo, jireenya bara
baraa argachuu yoo barbaanne Yesusiif akka ajajamnuufi barumsasaas
akka hojiirra oolchinu barbaada. Macaafni Qulqulluunis kan akkas jedhu
kanumaafi: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba;
ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu.”—
Yohannis 3:36.
12. Kutaa biyya lafaa ta’uu dhiisuun maal dabalata?

Waaqeffattoonni dhugaa kutaa biyya lafaa kanaa miti. Yesus, bulchaa


12 

warra Roomaa Philaaxos duratti yeroo dhihaate: “Mootummaan inni kan


kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” jedheera. (Yohannis 18:36)
Bartoonni Yesus warri dhugaa bakka kamiyyuu yoo jiraatan,
Mootummaa isa samii jalatti waan bulaniif dhimmawwan siyaasaa
addunyaa kanaa kamirraayyuu guutummaatti walabadha. Walitti bu’iinsa
addunyaa kanarratti godhaman kamirrattiyyuu hin hirmaatan. Haata’u
malee, Miseensa paartilee siyaasaa ta’u, filannoof dorgomuu ykn
wantoota sagalee kennuu wajjin wal qabatanirratti murtoo namoonni
kaan godhan keessa hin lixan. Namoonni dhugaadhaan Waaqayyoon
waaqeffatan  kun siyaasa keessa kan hin galle ta’anis seera ni kabaju.
Maaliifi? Sagaleen Waaqayoo “warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif”
akka ‘abboomaman’ waan isaan ajajuufidha. (Roomaa 13:1) Wanti
Waaqayyo isaanirraa barbaaduufi wanti sirni siyaasaa isaanirraa
barbaadu yeroo wal faallessutti, fakkeenya ergamoota Yesus isa akkas
jedhu hordofu: “Nuyi namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof
abboomamuutu nu irra jira.”—Hojii Ergamootaa 5:29; Maarqos 12:17.
13. Duuka buutonni Yesus warri karaa dhugaarra deddeebi’an Mootummaa
Waaqayyootiif ilaalcha akkamii qabu? Kanaafuu tarkaanfii akkamii fudhatu?

 13 Duuka buutonni Yesus warri dhugaan, abdiin ilmaan namootaa


Mootummaa Waaqayyo qofa ta’uusaa lallabu. Yesus akkas jechuudhaan
dubbateera: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli
mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees
dhumni in dhufa.” (Maatewos 24:14) Bartoonni Yesus warri dhugaan,
ilmaan namootaa rakkoo keenya bulchiinsa ilmaan namootaatu nuuf
hiika jedhanii akka amanaman gochuu mannaa, rakkoosaanii kan hiiku
Mootummaa Waaqayyoo ta’uushee labsu. (Faarfannaa 146:3) Yesus,
mootummaan mudaa hin qabne akka dhufu akka kadhannu akkas
jechuudhaan barsiiseera: “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee
waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” (Maatewos
6:10) Sagaleen Waaqayyoo, Mootummaa samiirratti argamu kana
ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Inni mootummoota sana
[mootummoota yeroo ammaatti argaman] hundumaa caccabsee in
hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan
jabaatee in dhaabata.”—Daani’el 2:44.
14. Ulaagaa waaqeffannaa amantii dhugaa kan guutu amantii kami jettee amanta?

Wantoota hanga ammaatti ilaallerratti hundaa’uudhaan gaaffiiwwan


14 

kanaa gaditti argaman of gaafadhu: ‘Amantiin barumsi isaa


guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi maqaa Waaqayyoo
beeksisu isa kami? Amantiin karaa Waaqayyo barsiiseen jaalala
argisiisu, Yesusitti akka amanu kan argisiisu kutaa biyya lafaa kanaa kan
hin taaneefi rakkoowwan ilmaan namaatiif furmaata kan kennu
Mootummaa Waaqayyoo qofa ta’uushee kan lallabu isa kami? Amantii
addunyaa kanarratti argamu keessaa guutummaatti ulaagaalee kana
kan guutu isa kami?’ Ragaawwan jiran akka argisiisanitti ulaagaalee
kana kan guutan Dhugaa Baatota Yihowaati.—Isaayaas 43:10-12.

You might also like