You are on page 1of 6

Duuka buutummaa

Duuka buutummaa jechuun, Barataa barumsa hafuuraa, jechuudha.duuka buutummaan


barumsa baratanii, sagalee beekanii cuupha manii, mana waaqayyoo keessa turuun kan
bira darban miti.mat 11:29 marq2:13-14
Macaafa Qulqulluu keessa duuka buutuu Afurtu jira. Isaanis
#1 Duuka buutuu muusee yoh 9:28
#2 Duuka buutuu farisota.mat 22:15
#3 Duuka buutuu yohannis yoh 1:35
#4 Duuka buutuu yesuus yoh 2:2
@Namni duuka buutuu gooftaa yesuus ta'uu danda'u
A)goftaa yesuus fay'isaa jireenya isa godhatee fudhachuudhan maqaa isaatti amanee
aboo mucummaa kan qabuudha.Yoh1:12
B)Akka dubbi waaqayyootti warra jiraatan. Yoh 8:31
C) Maqaa abbaa,Ilamaa,Hafuura Qulqulluutiin cuuphamee macaafa qulqulluu baratee
yoo itti jiraate. Mat 28:25-26
& Dhuuka buutuun bara jireenya isaa hunda barataadha.mal irra barata?.
❤ hafuura qulqullu irraa barata.yoh 24:27. Yoh14:25-26
📖kallattiwan hafuuri qulqulluun ittin barsiisu
a)kan barreeffame sagalee waaqayyootin. 2xim 3:14-17
b)Tajaajjila itti waamamaniin effe 4:11-13
c) Akkaataa jireenya fayuu keenyaa fi kan namoota biroo faarfannaa 25:12
@Duuka buutonni gochuu kan qaban
~Yeroo hundumaa duuka bu'uuf fedha qabaachuu fi of ganuu. Luq 9:23
~sodaa irraa bilisa ta'u,jireenya akka hojjenuuf fedha qabachuufi hundaa dhiisuu.
Luq5:10-11
~Yaada ofii isaa, kan matii, kan firaa fi kan mana isaa irra fagachuun jireenya
kristosin jaalachuudha.
~Jireenya foon isaan akka goftaa yesuus hojjateetti hojjachuutu nu irraa eegama.
@ Hundaa dhiisu yoo jennu maal jechuu keenya?mar 10:28
$ Sagalee waaqayyoo dhaga'uu fi gofta duuka bu'uudha
$ Walii walii keenya jaalachuun goftaa duuka bu'uudha
$ Tajaajjilanis ta'ee jireenyaan Firii bay'ee buusuudhan
$ Akka goftaatti jireenya malee deddebi'uu agarsiisun
Amanaan tokko yesuusin caalchisee wanta biraa kan jaalatu yoo qabaate duuka buutuu
ta'uu hin danda'u. Mat 10 37-38
Yesuus itti dhi'aatee akkas jedhee isaanitti dubbate
Goftummaan hunduu waaqa irratti lafa irraattis anaaf kennameera. Demaa dhaqaa
hormoota hundumatti sagalee koo dhugaa ba'aa, maqaa abbaa, ilmaa,kan hafuura
qulqullutin cuupha duuka buutuu koo taasisa. Mate 28:18-20

BOQONNAA 2
WAAMICHA DUUKA BUUTUU
Waamicha jechun maal jechuudha?
waamicha jechuun afeerra jechuudha.waamichi gosa lamatu jira.isaanis inni tokko
waamicha dukkana keessa gara ifaatti ittin dhufne. Inni lammaffaan waamicha
Tajaajjilaati.kanaafuu
duuka buutuun waamicha qabu.Duuka buutuun waan sadiif waamaman. Isaanis
# ABOODHAAF
# EEBBAAF
# ITTI GAAFATAMUMMAAF
&Aboo Duuka buutuu
Duuka buutuun aboo armaan gadii qabu.
=Aboo bulchiinsaa. Uum 1:28
=Aboo mucummaa. Yoh 1:12
=Aboo Araarsuu. 2Qor5:18
=Aboo bara dhumaati mo'u fi biyya lafaa bituu.
=Aboo dhukkubsatoota fay'isuu. Luq9:41=10:19
EEBBAAF
Eebbi duuka buutotaa kanneen armaan gadiiti
@Jireenya irraa hafaan eebbifamaniiru. Yoh10:10
@Abdii waaqa irraa argachuun eebbifamaniiru. Gal 3:29
@Eebba nagaatiin eebbifamuu. Yoh 14:27
@Eebba Bakka argama hafuura qulqulluu ta'un eebbifamaniiru. 1Qor 3:16
@Eebba yesuusin fakkaachuutin eebbifamaniiru. Rome 8:29
@Yesuusin Eebbaf adda baafamaniiru. 1phex2:9-10
📖 ITTI GAAFATAMUMMAAF
Duuka buutonni itti gaafatamummaa armaan gadiif waamamaniiru.
>Waaqayyo waaqa wan kam caala caalchisanii waan hundaan jaalachuuf itti
gafatamummaa qabu. Mat 22:37-38
>Ofiisa,kaayyoo ofii,yaada namoota biroofi kan biyya lafaa irra caalchisanii
yesuusin jaalachuu. Luq 14:25-27:32
>Nama hundaa akka mataa isaatti jaalachuuf. Mat17:5 =22:39=27:39
>Waan hunda caalaa waaqayyoof ajajamuu. HoE5:29
>Waaqayyoo fi waldaa kristaana Tajaajjiluu 2seen92:11
BOQONNAA 3
GUDDINA DUUKA BUUTUU
Guddinni maliidha?akkamitti?maliinis?Guddina jechuun sadarkaa duraan turan irratti
hammaan dabaluu jechuudha.akka sagalee waaqayyooti guddina jechuun waaqayyoofi nama
fuulduratti Ayyaanaan,Ogummaan,Hafuuraan fi Dinaagadeen Dabaluudha.
📖MIIDHAA HAFUURATTI GUDDACHUU DHABUU DUUKA BUUTOTAA.
^Ga'umsa dhabuu fida. 1Qor3:1-3
^Eebba qophaa'e dhaaluu nama dadhabsiisa. Gal4:1-3
^Barsiisa sobaatin gowwomfamu. Eef 4:14
^Jireenya hafuuran waan hin guddanneef. Ibr5:11-14
¶gaarif hamaa adda hin baasan
¶eenyumma kristos hin hubatan
¶qooda barsiisota ta'u barata ta'ani hafu.
📖Sagalee waaqayyoo bu'uura godhachuun 1Qor 3:6-7 duuka buutuu kan guddisu
waaqayyoodha.
📜DUUKA BUUTOONNI KAN ITTIN GUDDATAN.
a)akka Aannanii kan ta'e sagalee waaqayyootin. 1phex 2:1-2
hamina,gidiraa,of arguu dhabuu,inaaffaa fi cuubbuu hunduma of irraa fageessu.
b)Ayyaana kristos irra waldaa kiristaanaf kennameen. Eef 4:11
c)Qulqulloota wajjiin tokkummaa uumun. Ibr10:24-25
📖 eeff 2:21-22 bu'uureffachuun duuka buutuun Qofaa guddachuu hin danda'u
❤Dirreewwan guddina duuka buutu.
1 Guutuu ta'uutti.eff 4:12-13 innis gara guutama yesuusitti.nama guutuu ta'uudhan
2)Iddoo jireenyaa hafuura ta'uutti
BOQONNAA 4
QULQULLUMMAATTI JIRAACHUU.
Qulqullummaa jechuun maal jechuudha?
Qulqullummaan makata kan hin qabne jechuudha. Qulqullumman kophummaas kan
argisisuudha.
Qulqulummaan wantoota Foon keenya,Hafuura keenyaa fi Lubbuu keenya xureessu irraa
fagaachuudha.1Tas 5:23
📜Qulqulummaatti jiraachuu dhabuun miidhaa inni duuka buutuu irratti fidu.
a)maqaa waaqayyoo Arrabsiisa ba'u 21:6
b)argama waaqayyoo keessa jiraachuu hin danda'an. faarf 15:1-5
c)waaqayyo wajjin tokkummaa gochuu hin danda'an. 2Qor6:14-18
d)waaqayyoon arguu hin danda'an. Ibr 12:14
e)Diinota fuulduratti moo'ama hin ta'u. Iyaasu 7:1-26
📜Barbaachisummaa Qulqullumma
#1 Waaqayyo qulqullu wan ta'eef qulqulla'uun barbachisaadha. 1pex 1:15-16
#2 Dhaaltuu mootumma waaqayyo wan ta'aniif eef 5:5
#3 Buufata hafuura Qulqulla'u qabna. Rome 3:16 1Qor 6:19-20
#4 Mi'a ulfinaa waaqayyo itti fayyadamu waan taanef qulqulla'uu qabna 2xim2:20-21
#5 Deebi'ee dhufuu goftaa waan eegganuuf Qulqulla'u qabna 2phex3:11-13
#6 waaqayyoon gammachiisuf Qulqulla'uu qabna. 1tas 4:1-4
#7Uummama Addunyaan dura kristos waan nu filateef qulqullaa'u qabna eef 1:4
Duuka buutuun -karaa hundumaan foonitti, hafuuratti qulqulla'uu qabu
- waan hundumaan qulqulla'uu qabu
📖WANTOOTA DUUKA BUUTUUN ITTIN QULQULLA'U QABAN.
§ Sagalee waaqayyootin. Yoh 17:17
§ Hafuura Qulqulluun. 2tas 2:13
§ Dhiiga yesuusin. Ibr 9:14
§ Maqaa yesuus fi hafuura waaqeffannan. 1Qor 6:11
❤BU'AA QULQULLUMMAA
-Jireenya hafuuran guddachuuf,jireenya bara baraas dhaaluf. Rome 6:22
-Waaqayyo irra eebba fi araara argachuuf. Faar.24:3-6
-Waaqayyo Ulfinaan arguuf. Ibr 12:14
-Dinqii fi Raajii waaqayyotu hordofa. Iyas 3:5
❤BOQONNAA 5
JIREENYA AJAJJAMUU JIRAACHU.
-Ajajamuu jechuun aboodhaaf bitamuu jechuudha.
-waaqayyofi gaggeessitootaaf ajajamuu dhiisudhaan miidha duka buutuu irratti dhufe
¶ Ni Adabamu. Isay 1:20. 2tas1:8
¶ Itti faradama. Rome13:2
¶gaggeessitoota hafuura dhaga'u diduudhan ni adabamu. Ba'u 16:1-50
📜Sababoota Duuka Buutu irraa Ajajamuun barbachiseef.
=Ajajamuun bu'ura gad fagoo wan ta'eef. Mat 7:24
=Yeroo hundumaa jaalala kristos keessa jiraachuu waan qabaniif. Yoh 15:10
=Ajajamuun araasa kam irrayuu ni caalaluf. 1sam 15:22-23
= Maatii waaqayyoo wan ta'aniif. Mat12:49
📖DUUKA BUUTUUN,
A)Duursa waaqayyof ajajamuu qabu. HoE 5:29
B)Gaggeessitootaf ajajamuu qabu. Ibr13:17
C)Eeff6:1 bu'uureffachuun warraf,guddistoota isaanif ajajamu qabu.
D)Ajajjota isaanif Iddoo hojiitti, iddo barumsaatti,fi iddoo kamitti yuu ajajamuu
qabu.eef 6:5
E)Anga'oota biyyaf ajajamuu qabu. Rome13:2 . 1phex 2:13
❤Maal malif ajajamu?
& Barumsa dhugaa isa fudhataniif, laphee guutuu ajajamu. Rome 6:17
& Dhugaadhaf ajajamuu qabu. 1phex1:22
&Maqaa yesuus isa ofii irratti mananiif ajajamuu qabu. Rome1:5
📜Ajajoota yesuus irra ba'uuf ajajamuun bu'aa inni qabu.
a)Jaalala kristos keessa jiraachuu. Yoh15:10
b)Baay'ota gara goftaatti fiduudhaf. Rome5:19
c)kadhata isaaniitu dhaga'amaaf. Ibr5:7
d)Waaqayyo Ulfina akka ittin argatuuf. Filp2:5-11
e)Eebba biyya lafaa qoodachuu fi fayyadamu akka danda'anif. Isay 1:19
BOQONNAA 6
📖KADHATA TSOMAA
(kadhata afaan hagabuu)
sooma jechuun duuka buutuun kristoos kadhatan cimanii fedhiidhan kan nyaatamu,kan
dhugamu fi yeroo isani kadhataan dabarsuuf gufachiistuu kannen ta'an irraa yeroo
murta'af adda of baasuu jechuudha
❤-kadhatni waaqayyo wajjiin dudubbachuudha. Duuka buutonni yeroo kadhatan yaada
laphee isaanii waaqatti himu, waaqayyos sagalee isaani ni dhaga'a.
📜Akka macaafa qulqulluutti gosota sooma adda addaatu jira.
- Qoqooddi nyaataan. Kana jechuun nyaatota fo'atanii nyaachuu jechuudha fkn
coom,foon,aannan,killee fi k,k,f dha. Dan 10:2-3
- Guutumman guututti kan nyaatamu fi kan dhugamu irra adda ba'uu HoE 9:9-12
- Humna hafuura qulqulluutin gaggeeffamuun. Ba'u 34:28. 1mot 19:8. Mat 4:2
❤sagalee waaqayyoo keessatti waaqayyo sabaa fi gaggeessitoota ofii isaanii waaqayyo
duratti salphisuun, of gananii ofii isaanii waaqayyoof kennuudha ajajamanii
waaqayyoon kadhachaa turan.
📖soomani kadhachuun waaqayyo fuulduratti akka dhaga'amu wantoonni godhan.
=Of agarsiisuu dhiisuun waaqayyon qofatti of mul'isuun kadhachuu. Mat 6:5
=kadhata irra deddebii ykn jecha amantii hin qabne fayyadamuu yoo dhiisne. Mat 6:7
=dhugaadhaan somii tasifamu yoo ta'e waaqayyo duratti fudhatamadha. Mat 21:18-22
=Iyasu 58:6-9 bu'ura godhachuun wantoota tareeffaman kan jireenya fallaa isaa yoo
deddeebine kadhanni keenya fuula waaqayyootti ni dhaga'ama.
= Iyya laphee irraa hin taane, gocha bichaa irratti kan xiyeeffatu yoo ta'e garuu
waaqayyo biratti kan hin fudhatamneedha. Kanaafuu lapheen keenya amanuutu itti
jira. Yo'el 2:12-14
=Jireenya keenya keessatti cubbuun barre yoo jiraate nuf waaqayyo gidduu goree iya
keenya akka hin dhaga'amne godha. Isay 59:1-2
📖BU'AA SOOMA fi KADHATAAN ARGAMU.
€ Gammachuun waaqayyo,Carraa fi soban somuun duuka buutu gad dhiisudha.zak 8:19
€Ilaalcha waaqayyoo fi karaa gara garaatin sooman duuka buututti ni mul'ata. Isay
58:6-9
€Ayyana waaqayyotu baay'ataf,Qorumsa irrattis mo'icha argatu. Luq 4:1-5
Cimanii yoo kadhatan namoota hidhaa seexanaa jal jiraniif hikumsaf humna fi amantii
argatu. Mat 17:14-21
€soomaf kadhataan duuka buutuun cimee jabaate dhaloota fi biyya lafaaf fedha
waaqayyoo beeku. Dan 9:3 =9:21-23
BOQONNAA 7
TOKKUMMA DUUKA BUUTOTAA
📜Tokkummaa jechuun waaqayyoo fi nama wajjiin wali galteedhan kan godhamu walitti
dhufeenya gaaridha jechuudha.
📜Duuka buutuun waaqayyo wajjin tokkome kan jennu.
# Adeemsa isaa waaqayyo wajjin godhachuu dhaan. Uum 5:22-24
# Jireenya Qulqullu fi qulqulla'aa jiraachudhaan. Uum 6:9
# Waaqayyoon laphee guutudhaan hordofuu(duuka buu'uf) waada yoo seene fi waada
seene yoo eege. 2seen 23:3
# yakka irraa fagaachuun sagalee dhugaa qabaachu fi baay'ota cubbu irra deebisuun
waaqayyo wajjiin naga'a fi qajeelumman yoo Adeeme. Milk 2:6
📕Duuka buutu waaqayyo wajjin karaan inni tokkumma ittin qabaatu
*Kadhanaadhan,sagalee waaqayyo barachuun,fi irbaata goftaa amantoota waliin
fudhachuun. HoE 2:42
* Jireenya yesuusin argamuu fi waa'ee fayyisuu isaa kanneen birootif dhugaa
ba'uun.1yoh 1:1-2
❤Sababa duuka buutun yesuus amantoota wajjin takkumma qabachuun barbaachisef
፦ barumsa sobaa duukaa yoo bu'an, deebisuuf jecha. 2yoh 1:7-11
፦ Qulqullummatti jiraachuu hin barbaadnu yoo jedhan, Qulleesuf. 1Qor 5:9-11
፦Waldaa keessatti qoqoodaa yoo eegalan, tokkoomsuf. Tit 3:9-11
፦ Seera waldaan kristaana kenniten kan deddeebi'u yoo ta'e, sagalee waaqayyoof kan
Ajajaman yoo ta'an. 1tas3:6:11-15
📜Duuka buutuun amantoota wajjin Tokkomuun kan inni barbaachiseef.
ሀ) Amantoota biroo wajjiin amanti waliin wan qabanif. Yud 1:3
ለ) Amantoota biroo wajjiin Ayyaana waaqayyo kristoosin waan qooddataniif. Ibr10:24-
25
ሐ) Amantooni daabiloos kan jedhamu diina waan qabaniifi.1phex 5:8-9
መ) Amantooni hunduu kutaa dhagna kristoos waan ta'anif. 1qor 12:12=13:27
ሠ) Kristaanota gidduuti kan godhamu Tokkumma qajeelan waaqayyon kan
gammachiisudha. Tokkumma akkasii gidduutti waaqayyo eebba, Dibara fi jireenya bara
baraa gad dhiisa.faar 133:1-3
📜Gooftaa yesuus kristoos waliin ta'uun yoo jaalatan duuka buutota isaa akka taane
namooni akka beekan dubbateera. Yoh 13:34-35 kana bu'uura godhachuun duka buutonni
yesuus amantoota biroo wajjiin jaalalli qaban karaa armaan gadiitin ibsu.
1-walii isaani gorsuu fi amantoota jajjabeessu. 1tas 5:11
2- Haala amantoonni itti jiran fudhachun. Rome 15:7
3-ROMEE 12:10-15
፦amantoota jaalachuu
፦amantoota kabajuu
፦amantoota waliin tajaajjiluu. Rome12:10-11
📜Duuka buutonni yesuus biyya lafaa kanaaf gartuu eebba kan isaan ittin ta'an.
- Wangeela lallabuun. Mar 16:15
- Jireenya waliinii jijjiruu fi waaqayyoon kan kabaju wali galtee gaari fixaan
baasuun. Mat 5:13-16
- sagalee waaqayyoon kan hafan ajajoota hamma jijjiramatti seera mootummaf bitamuu.
1phex2:13-14
- Abboota angootif kadhachuun . 1xim 2:1-4
Namoota hunduma wajjin nagaatti jiraachuudhan. Rome 12:18-21
BOQONNAA 8
DUUKA BUUTUU BU'AA BUUSUU
TA'UUF(fire buusuf)
bu'a (fire) jchuun waaqayyo duuka buutota yesuusin jireenya isaani irraa wantoota
gaarii ta'an hunda jechuudha.
-Duuka buutonni yesuus sababoota waammamani fi muudamanii Abba irra waan isaan
barbachisu hunda gaafachuu fi fudhachuun gara itti ergaman hunduma deemudhaan fire
jiraata buusuunidha . Yoh15:16
📜Duuka buutota yesuus bu'aa akka hin buusnee rakkowaan isaan dhorkan kaneen armaan
gadiiti.
= sagalicha dhaga'ani yaadachuu dadhabuu. Mat 13:19
= hojii hojjachuu dhiisudhaan, hawwi bichaa ta'u fi sababa sagaleetin reebichi yoh
dhufu jabachu dhabuu. Mat 13:20-21
= Yaada dachee fi qabeenya jaalachu. Mar 13:22
= kenna nuf kenname fixnee itti fayyadamu dhiisu fi amala goftaa isan ergee beeku
dhabuu. Luq 19:20-21
📖Duuka buutun yesuus fireen isan akk buusanif irra eegamu.
- firee( ija) hafuura. Gal 5:21-22
- Ija qalbii jijjirana isa dhugaa yoo ta'e ilaalcha jijjiiru fi deebi'uu. Mat 3:7-
10
- garbummaa cubbu jalaa ba'e qulqulootaf ajajamuudhaan kan argamu qulqullumaa fi
ija . Rome 6:20-22
- Wangeela kristoosin gorsudhan namoota gara waaqayyooti fiduun. Yoh 15:16፣rome1:13
- Jaalala waaqayyo abbatin adabbi male nageenya dhufuu fi ija Qulqullun. Ibr 12:11
- Ija ifaa gaarumma dhugaan, qulqullu fi amanamaa. Eef 5:7-11
📜Karaa itti duuka buutun yesuus ija itti godhatu.
። Sagalee keessa isaatti tarreefame yaadachuun yoo fudhatani fi yo itti jiraatan.
Mat 13:8 fi23
። Hundee wayini yesuusiti qabamun tokkumma gochuun. Yoh15:1-2
። Fedha ofiif jiraachu hin beeku, fedha waaqayyof jirata. Yoh 12:24
። Adabbi fedha waaqayyo abbaatin ofi isaa dabarsee kenna. Ibr 12:11
።Hidhaa jireenya waaqayyo jalatti jireenya isaa gaggeessa. Gal 5:21-22
።Jireenya Qulqullumma yoo jiraate fi mana waaqayyo keessa utuu adda hin kutin
obboloota wajjin tokkumma yoo godhe bara isa guutu ija qabata. Far 92:12-14
📜Bu'aan duuka buutuun bu'aa buusun fidan.
# Waaqayyo abbaa kabajan. Yoh 15:8
# Waan godhan hundaan milka'aa ta'u. Faar 1:1-3
BOQONNAA9
DUUKA BUUTUUN IJA HAFUURA GODHACHU QABATU.
Ija hafuura jechuun bu'aa hojii hafuuratiin kan argamuudha.waaqayyo wajjiin walii
galanii cubbu keessuma hojii seexana dammaqani qulqullumadhanjiraachu jechuudha. -
ija hafuura jechuun, gal,5:21-22 bu'ura godhachuun 9tu jira ;isaanis -
Jaalala,Nagaa,Gammachuu,Obsa,Gaarummaa,Garraamummaa,Amanamummaa,Arjummaa,fi Of
qabudha.
Jaalala jechuun miira keessa namaatti kan argamuu fi kan mul'atuudha.
BOQONNAA 10
SAGALEE MISSIRACHO LALLABUF DUUKA BUUTUN WAAMAMANIIRU.
sagalee missirachoo jechuun wangeela jechuudha.kunis yesuus kristoos qofti fayyisaa
ta'uu isaa fi karaan isa ta'uu qofa dhugaa ba'uudha.
📜Maaliif dhugaa baana.
-Ergama goftaa yesuus waan ta'ef. Mat 28:18-20
-Namoonni hunduu akka fayyan waaqayyo waan barbaaduf. 1yoh 2:3-4
-Hormoonni wangeela akka dhaga'aniif dirqama waaqayyo irra waan fudhanneef. Izir
3:17-19
-Hafuura qulqullu kan fudha taniif tajaajjila wangeelatiif wan ta'eef. HoE 1:8
-Mootumma waaqayyo lafatti baballisuuf. HoE 2:41
-Waangeela lallabuun aadaa waan ta'eef. Rome 1:14
-arara gochuu yesuusif. 1phex3:9
📖Akka hin labsineef gufuu waan isaan mudatu
=Warra hin hamanne lolamuun yeroo itti dhufu. HoE 9:16-
=Dhugaa wangeelatti yeella'u fi sodaachuu 2xim 1:8/mat 10:26-28
= jireenya qulqulluma fi jaalalan du'e yoo jiraatan 1qor 3:1-4
= Balaa seexanni Diinni wangeela uumu hubachuu yoo dadhaban. HoE 11:1-18
📜Akkata duuka buutonni yesuus waa'ee fay'isuu isaa dhugaa ba'an.
🎶Jaalalaa fi kabajaan ta'u qaba. 1phex 3:15
🎶Garramumma osoo hir'isin ifatti dubbachuun 2qor 4:1-2
🎶Jaalala kristoosiin tuqamuun. 2qor 5:14
🎶Jireenya wangeelaf ta'u jiraachuu fi tokkumma hafuura keessa jiraachuun. Filp 1:27
📃Dhugaa ba'uuf wantoota barbachisu maalidha.
*Sagalee fannoo. 1qor 21-2
*humna hafuura qulqulluu. HoE 1:8 1tas 1:5
*
📜Bu'aa dhugaa ba'umsaan argamu.

You might also like