You are on page 1of 11

Barsiisa Macaafa Qulqulluu

W/A/G/W/G/Buraayyuu

Qopheessaa: Naa’ol Baqqalee

Bitootessa 17, 2015 A.L.I

Buraayyuu
Karaa Kiristoos Nama Ga’aa Ta’uu
Qol 1:28-29, 1Qor 3:1-3, Ibr 5:11-14
 Nama ga’aa ta’uu jechuun dhimma ofiif giddu-seentummaa nama biraa malee of
danda’anii dhaabachuu jechuudha. Yoh 9:21-23

 Qoqqoodamiinsa umurii dhala namaa keessaa, “Nama Ga’eessa” [Middle aged adult]
(35-55) kan jennu:

 Wallaaloos miti
 Umurii dargaggumaa isa akka ibidda saafaa keessas darbaniiru
 Muuxannoo qabu
 Gorora liqimsaniiru, bitaa fi mirga ilaaluu baraniiru, miira isaanii to’achuu ni danda’u.
 Dadhabaniis immoo humna hojii keessaa hin baane

 Nama ga’aa ta’uu inni jennu kun garuu umurii wajjin qofa wal hin qabatu; Bilchina
(Maturity) isa jennuudha. Iyo 32:6-9 (Elihuu)

 Bara kana keessa namootni bilchina hafuuraatti xiyyeeffachuu caalaa:

 Bilchina Sammuu (Intellectual Maturity): Dafanii hubachuu, fageessanii yaaduu…


 Bilchina qaamaa (Physical Maturity): Fayya-buleessummaa, jabina qaamaa,
Ispoortii… (1Xim 4:8)
 Bilchina Miiraa (Emotional Maturity): Obsuu, aarii daangaa hin qabne irraa of
dhowwuu, of qabuu…
 Bilchina Xiin-sammuu (Psychological Maturity): Namootaa wajjin hariiroo sirrii
qabaachuu fi itti gaafatamummaa baachuu danda’uu.

Warren kana irratti xiyyeeffatu!

 Namni hafuuratti utuu hin bilchaatin kallattii kamiin iyyuu bilchina sirrii bilchaachuu hin
danda’u.

 Waanumti hafuuraan hin taane, waan dhugaa ta’uu hin danda’u!

 Beektotaa fi gurguddoota biyya lafaa keessatti beekamtii fi beekumsa gurguddaa qaban


meeqatu jireenya salphinaa jiraatu. Alaan gurguddoota fakkaatu, keessi isaanii waan
salphinaan guutuudha! Hunduu Hafuuraan Yoo Ta’e Qofa Dhugooma!

 Hiikni nuyi bilchinaaf laannu yeroo baayyee rakkoo mataa isaatii qaba. Nuuf namni
bilchaataan nama yeroo baayyee hin dubbanne, nama utaaleefaa hin faarfanne, nama suuta
jedhufaadha.

 Namootni tokko tokko immoo waldaa keessaa yeroo baayyee ittiin namoota tuquuf
jedhanii mata duree lallaba isaanii, “Hamma warri xobbeen bilchaatanitti warri
bilchaatan gubatan!” jedhanii lallabu. Mata duree lallaba isaaniiti!
Bilchina jechuun maal jechuu miti?
 Bilchina jechuun suuta jechuu miti. (Pheexiroos)
 Bilchina jechuun Callisaa ta’uu jechuu miti.
 Bilchina jechuun fedhii gubaa qabaachuu dadhabuu jechuu miti. (Tajaajiluudhaaf,
waan bade qajeelchuudhaaf…..fedhii gubaa qabaachuu dhiisuu jechuu miti.)
 Bilchina jechuun miira-maleessummaa jechuu miti! (Kolfuu dhiisuu, aaruu dhiisuu)
 Bilchina jechuun muuxannoo dheeraa qabaachuu jechuus miti. (Yooseef, Daawwit,
Ermiyaas, Ximootewoos….They were Youths!) Garuu seenaa hojjetanii darban!
 Bilchina jechuun beekumsa baayyee qabaachuu jechuu miti. (1Qor 8:1-
2)….Beekumsi duwwaan (Jaalala malee) of tuulummaa namatti fida!
 Bilchina jechuun guutuu ta’uu jechuu miti. (Filp 3:12-14)

Bilchinni maaliree?
 Bilchinni Kiristoos isa hundee ta’etti qabatanii, jireenya isarraa hirmaachaa, ija
Waaqayyo abbaan ulfina ittiin argatuu fi ija namootni immoo irraa sooratan naqachaa
deemuu jechuudha!

 Bilchaachuu jechuun soorataaf ta’uu jechuudha!

 Waaqayyo amantootni hundumtuu dhimma akka baasaniif barbaada. Iji hin bilchaatin
immoo nyaataaf ta’uu hin danda’u.

 Phaawuloos egaa yeroo dubbatu, Kaayyoon gorsuu fi barsiisuutti dadhabuu fi wallaansoo


qabuu kootii namootni Kiristoositti amanan hundumtuu nama ga’aa ta’anii karaa Kiristoos
fuula Waaqayyoo dura dhaabachuu akka danda’aniifidha jedha. Qol 1:28-29

 Nama ga’aa ta’uunis, Fuula Waaqayyoo dhaabbachuunis karaa Kiristoosiin ala hin
danda’amu!

 Phaawuloos dadhabbii fi wallaansoo hiika-maleessatti hin cichu! Bu’aan dadhabbii fi


wallaansoo kootii nama ga’aa isin gochuudha jedha!

 Nama ga’aa ta’uu jechuun akka hiika biyya lafaatti hirkattummaa jalaa ba’anii of
danda’uu jechuudha; akka hafuuraatti immoo inumaa iyyuu hirkattoota Waaqayyoo ta’uu
jechuudha!

 Addunyaa hafuuraa keessatti yeroo nama ga’aa taatan caalaa Waaqayyotti hirkattu!

 Hafuuratti nama ga’aa ta’uun keenya umurii nuti mana Waaqayyoo keessatti lakkoofsifne
irratti kan hundaa’u miti.

 1Qor 3:1-3 irratti, Amantootni waldaa Qoronxoos sun yeroo ergaan kun barreeffamuuf
amananii naannoo waggaa shanii(5) waldaa keessaa tajaajilaniiru, Kennaa ayyaanaa irraa
hafaa qabu! Garuu, Hafuuratti hin bilchaanne turan.
 Ibr 5:11-14 irratti immoo, Namoota ergaan kun barreeffameef keessa waggaa kudha
sadiif (13) amantoota ta’anii waldaa keessa kan tajaajilaa turanfaatu keessa jira. Sababni
isaas, Ergaan Ibirootaa Yesuus du’aa ka’ee naannoo waggaa kudha sadii (13) booda
barreeffame!

 Kiristiyaanummaan adeemsa ijoollee Waaqayyoo ta’uu irraa gara ilmaan Waaqayyoo


ta’uutti itti guddatamuudha! (Children of God Vs Sons of God!)

 Fkn: This is my child Vs This is my son! (Garaagarummaa umurii ykn bilchinaati.)

 Ijoollee Waaqayyoo ta’uun sadarkaa jalqabaa Kiristiyaana tokkooti. Amanuu qofaan


argama! Yoh 1:12

 Ilmaan Waaqayyoo ta’uun garuu gaafa safara guutummaa Kiristoositti guddataniidha!


Efe 4:13-15

 Ilmaanni Waaqayyoo warra hafuuraan geggeeffamaniidha! Rom 8:14

 Ilmaan Waaqayyoo warra gara ulfinaatti geeffamuuf akeekamaniidha. Ibr 2:10

 Ilmaan Waaqayyoo warra dhaala hirmaachuuf ga’oomaniidha. Gal 4:1-7

 Namni hafuurattii mucaa taanaan utuu qabuu hin qabu! Bituu utuu qabuu wantotaaf
bitama; Abboomuu utuu qabuu hundumaaf abboomama! Gal 4:1

 Kan maatiin amananii mi’oota gati-jabeessa nutti kennuu jalqaban erga nama ga’aa
taaneeti. Waaqayyos akkasidha! Wanta jireenyaaf nu barbaachisan hunda Kiristoos nuuf
kenneera; hamma nama ga’aa taanutti garuu itti fayyadamuu hin dandeenyu! 2Phex 1:3

 Kiristoos keessatti dhaala hedduu qabna; hamma mucummaa irraa gara ga’eessummaatti
dhufnutti garuu dhaalicha harka keenya keessa galfannee itti fayyadamuun nu rakkisa!

 Kiristiyaanummaan jireenya mo’ichaadha; Kan nuyi waan baayyeen mo’amnee


jiraachaa jirruuf namoota ga’oo waan hin taaneef dhaala “Mo’icha” jedhamu sana
hirmaachuu hin dandeenye jechuudha!

 Kiristiyaanummaan biyya lafaa irratti dhiibbaa uumanii darbuudha; Kan biyyi lafaa
dhiibbaa nurratti uumaa jiruuf, dhaala “Dhiibbaa uumuu” jedhamu sana hirmaachuuf
namoota ga’oo hin ta’in waan jirruufidha!

 Macaafa Qulqulluu keenyarraa akka mucoolii ta’uun bakki inni itti jajjabeeffame bakka
Lama(2)tti:

 Mat 18:3, Mar 9:37 (Gad of deebisuu) (Daa’imman fakkeenya namoota dadhaboo fi
of hin dandeenyee, harka qalleeyyii, dhukkubsatoo… ta’anii dhiyaatan.)
 Mar 10:13-16 (Akka eebbisuuf yeroo abbootiin mucaa Yesuusitti geessan. Aadichi
isa Yaaqoob Uum 48:14-16 irratti ijoollee Yooseef lamaan: Minaasee Fi Efireemiin
harka irra kaa’ee eebbise irraa kan fudhatameedha! Kanaaf Yihuudotni yeroo yerootti
ijoollee isaanii Rabuunii (Barsiisaa Seeraa)tti geessanii eebbisiisu!),,, Plus: Seenaan
itti aanee dhufe seenaa sooressicha isa seeran eege jedhee of jajuuti. Kanaaf, Akka
mucoolii ta’aa kan jedhu sun, kan kooti kan jettan hunda dhiisaatii Gooftaa
duwwaarratti of gataa yaada jedhu qaba. (Faith, trusting God, Being dependent on
God alone!)

Mul’iftoota Hafuuratti Mucaa Ta’uu: (Ibr 5 & 6, 1Qor 3)


1) In dhageessu malee hin hubattan. Ibr 5:11

 Amantootni bara keenyaa dhaga’uu irratti rakkoo hin qabnu. Carraan ittiin Waaqayyoon
dhageenyus hedduutu jira. Garuu hin hubannu!

 Daa’imni yoo ati, “Ibiddi si gubaa hin tuqin” jette illee si hin hubattu. “Jibbuma koo
qaba malee maal nama guba?” jetti.

 Baayyeen keenya hafuuratti mucaa waan taaneefidha kan nuyi waan dhabneef, waan
jiraachaa jirruuf, waan Waaqayyo nu dhowwatee fi nu dhowweef nyaara guuraa,
Waaqayyoon oodaa deemnuuf.

2) Dhimma baasuu hin dandeenye. Ibr 5:12

 Waggaa 13 waldaa keessa turtanii, silaa yoona kana warra kaan barsiisuuf kan maltan,
amma iyyuu dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama isin barsiisu barbaachiseera
ittiin jedha ture.

What are elementary teachings of Christ?

Hebrew 6:1-2
 Yaada garaa gedderachuu
 Amanuu
 Cuuphaa
 Harka mataa namaarra kaa’uu (Blessing [Luke 24:50, Mat 19:15] and setting apart
for ministry [1Xim 4:14, Acts 19:6])
 Ka’uu warra du’anii
 Firdii barabaraa

 Barsiisa gara jalqabaa kan jennu kun warra badaa hin barbaachifneedha jechuu utuu hin
taane, warri kun dhugaalee bu’uuraa warra Kiristiyaanummaan keenya irratti hundeeffamee
fi warra yoo hin amannu ta’e fayyina keenya irratti dhiibbaa uumaniidha.

 Kiristiyaanni tokko garuu dhugaalee bu’uuraa kana hubatee taa’uu qaba utuu hin taane,
nama ga’aa ta’ee dhimma baasuu danda’uu qaba jechuudha!

 Lakk 3 irraa, “Gara isa kaaniitti darbuuf jirra” inni inni jedhu, waa’ee Kiristoosiif
dhimma baasuuti jechuudha! Kanammoo. 6:7-8 fi 5:12 irraa hubachuu ni dandeenya!
 Phaawuloosfaa iyyuu isin booda amananii waldaa meeqa hundeessani jechuu
barreessichaati.

3) Hamaa fi gaarii gargar baasuu hin dandeessan. Ibr 5:14

 Barri kun bara itti amanaan, “Sirba hin dhggeeffatin kan jedhu eessa jira?”, “Caatii hin
qaamin kan jedhu eessa jira?”, “Dhugaatii muraasa hin fudhatin kan jedhu eessa jira?”
jedhanii waan hundumaaf word to word verse gaafachaa jiraniidha.

 Hafuura Qulqulluudhaan waan hin geggeeffamneef, wanta dhufuu hundumaa gargar


baasanii hubachuudhaaf namoota ga’oo waan hin taaneef, waanuma dhufe hunda simatu!

 Bilchinni wanta Waaqayyo jaallatu jaallachuudha! Qol 4:12

4) Yaada foonii duukkaa butaniittu. 1Qor 3:1-3

 Yaadaan gargar baatu, wal qoccoltu, wal hammeessitu…

5) Nyaata jabaadhaaf hin geenye.

 Waan gurra keessanitti tolu qofa dhaga’uu barbaaddu jechuu isaati. Kun immoo amala
amantoota bara dhumaati. 2Xim 4:3-4

6) Amma dhaga’anii ammuma irraanfachuu. (Short Memory)

 Kiristiyaanotni bara keenyaa ammuma dhaga’anii yeroo gad ba’an dagataniiru.

7) Akka mucaatti dubbachuu, yaaduu fi sababii kennuu. 1Qor 13:11

 Mucaan akka itti dubbatan hin beeku!


 Mucaan yaadni inni yaadu yaada ta’uu hin dandeenyefaadha.
 Mucaa tokko, “Maaliif akkas goote?” yoo jettaniin yookiin waan godheef iyyuu hin
beeku, ykn sababa quubsaa hin qabu.

Kun Jireenya keenya har’aati!

Sababoota hafuuratti mucaa ta’uu amantoota bara keenyaa:


1) Hirkattummaa (Waaqayyotti utuu hin taane namootatti)

 Daa’imman yeroo hunda hirkattummaadhaan beekamu. Yoo namni irraa dhiqe malee ofiin
beekanii hin dhiqatan, ofiin beekanii hin nyaatan, ofiin beekanii hin uffatan, beekanii of hin
eeggatan!

 Amantoota bara keenyaarraa kanatu argamaa jira.


 Waaqayyos namni hundumtuu karaa Kiristoos nama ga’aa ta’ee fuula isaa akka dhaabbatu
barbaada.

 Waaqayyo immoo saba isaa fi isa gidduu Yesuusiin ala eenyuyyuu akka dhaabatu hin
barbaadu!

 Waaqayyo bobaa eenyuu jalaan iyyuu nu arguu hin barbaadu.

 Har’a baay’een keenya, “Ani Waaqayyoon kadhadhee dhageessifachuu nan danda’a!”


jennee amanuun iyyuu erga nuti ulfaatee tureera. Kanaafidha kan harki namaa hamma mataa
keenyarra kaa’amutti as fiignee achi fiigaa oolluuf.

 Waaqayyotti dhiyaachuuf iyyuu giddu seentummaa nama biraa nu barbaachiseera!

Sababni Hirkattummaa keenyaa maalidha?


A) Tajaajiltoota nuu fi Waaqayyoon gidduu of dhaabuu barbaadan.

 Tajaajiltotni bara keenyaa baayyeen isaanii hojii Faddaalaa hojjetu. Faddaalaan tokko
tokko yeroo mi’a siif dhiyeessu, madda mi’ichaa sitti hin himu. Sababni isaa gidduudhaa
waa argata waan ta’eef.

 Tajaajiltootni baayyeen Waaqayyoo fi sabni isaa akka wal argan hin barbaadan. Sababni
isaa:

 Gidduudhaa kabaja argatu


 Gidduudhaa maallaqa argatu
 Gidduudhaa beekamtii argatu

 Yoo inni siif kadhate malee akka waan ati hin fayyineetti sitti odeessa!

 Wanti amantootni keenya beekuu qabnu, Jireenya Kiristoosiif ta’u jiraatta taanaan wanti
siif ta’us, wanti sirratti ta’us yaada Waaqayyoon ala kan ta’u hin jiru!

 Wanti haaraan sichi Kiristiyaanotaaf ta’us hin jiru. Wanti Barabaraan Haaraan Tokko Si’a
Takkaa Nuuf Ta’ee Jira! Bara jiraannu hunda isuma dinqisiifachaa jiraanna!

 Nuyi jireenya xumuramaa jiraanna!

 Yeroo raajiin ergaa nutti himu waa nuuf ta’a utuu hin taane, jireenya waa’ee keenyaaf
baroota dura galmee Waaqayyoorratti barreeffametu, Yeroo isaa eeggatee nuuf ta’aa
deema! Far 139:16-18

 Phaawuloosfaa amantootni of danda’anii karaa Yesuusiin qofa gara abbaatti akka


dhi’aatan barsiisan! Qol 1:28

 Yesuusis yeroo bartoota isaa wajjin ture kan inni irratti isaan dheekkamaa ture baayyeen
isaa, “Maaf amantii keessaniin of dandeessanii biyya lafaa hin mootan?” isa jedhu
irrattidha. Luq 8:25
 Yesuus, “Isin maaf of hin dandeessan?” isaaniin jedha, isaan immoo isa dhiisanii
Yesuusiin dinqisiifatanii galan!

 Waaqayyo dinqisiifattoota isaa akka taanu hin barbaadu. Hirmaattota isaa akka taanu
barbaada! Waaqayyo rakkoo dinqisiifatamuu hin qabu!

 Daawwattootni tapha kubbaa, nama kubbaa taphatu ilaalanii iyyaa oolu, in deggeru. Kan
taphatu garuu nama muraasadha! Waaqayyo deggersa keenyaan hamileen isaa akka
ka’uuf barbaada miti.

 Samii fi lafa kana iyyuu ofii isaatii deggeree jiraachisa; Inni deggertoota isaa akka taanu
barbaadamiti; Hirmaattota eenyummaa isaa akka taanu barbaada! (Partakers of his divine
nature!)

 Mata dureen dheekkamsa Yesuus inni guddaan hafuuratti mucaa ta’uu bartootaa
ture!

 Mat 17:14-21 irratti, gaafa isaan hafuura hamaa baasuu dadhaban itti aaree, “Isin hamma
yoomiitti ba’aa anatti taatu?” jedhee iyyuu hin dhiifne, “Isin dhaloota hin amannee fi
jajal’aa nana, hamma yoomiitti isinii wajjin jiraachuun anaaf ta’a?” isaaniin jedhe.

 Baayyeen keenya Waaqayyotti amanannee biyya lafaaf furmaata ta’uu kan qabnu turre,
ofii keenyaayyuu Waaqayyotti ba’aa taaneerra! Kunis hirkattoota ta’uu keenyaani.

 Mee meeqan keessantu maatii keessan keessaa yoo namni dhukkube, “Nan kadhadhaaf,
innis in fayya!” jedhee amanee beeka?! Baayyeen keenya bilbila keenyarra maqaa
tajaajilaa barbaaduu jalqabna mitii?!

 Yeroo jalqabu amantoota bara kakuu haaraa keessa namni tajaajilaa hin taane hin
jiru! “Abaluu isa tajaajilaa” jechuuma yeroo jalqabne badne nuti.

 Yohaannis Cuuphaafaas yoo ilaalle, duuka buutota isaanii akka jirutti of biraa deebisanii
Gooftaa duukkaa akka bu’aniif gara Yesuusitti qajeelchan! Yoh 1:35

 Tajaajilli Waaqayyoo fi amantoota gidduu dhaabachuu utuu hin taane, namoota gara
Waaqayyootti qajeelchuudha!

 Tajaajiltootni bara keenya har’aa immoo Waaqayyorraa waa nuuf fuudhanii


Commission nyaachuu barbaadu!

 Tajaajilaa dhugaan sii fi Waaqayyoon walitti fiduudhaaf jedhee waan qabu hunda dhabe
tokko garuu jira; Ati har’a karaa Yesuusiin Waaqayyotti dhiyaachuu in dandeessa!

 Giddu-seentummaa eenyuu iyyuu malee ati kadhattee dhageessifachuu in dandeessa,


Waaqayyoon gaafattee wajjin mari’achuu in dandeessa, Jireenya dhuunfaa kee irratti
Kiristoosiin arguu in dandeessa!

 Yesuus golgaa mana qulqullummaa sana iddoo lamatti tarsaaseera. Kana booddee Nuu
fi Waaqayyo gidduu daangaan hin jiru! Luq 23:45, Ibr 4:16, 10:19
 Karaa haaraa yeroo hundumaa jiraatu nuuf bane! Ibr 10:19-22

 Har’a sii fi Waaqayyo gidduu diinummaan hin jiru. Ati Waaqayyoo wajjin nagaadha!
Rom 5:1

Ati michuu Qabda! Michuu sii fi isa gidduutti jaarsummaan hin barbaachifne:

 Ati abbaa waa’ee kee yaadu, liphsuu ijaaf qaroo isaa kan sirraa hin buqqifanne tokko
qabda!

 Yoo ati dadhabde illee kan si hubatu, kufaatii fi gidiraa ati keessa jirtu ofii isaatii
dhandhamee waan darbeef kan siif miixatu, dadhabbii kee wajjin kan si simatu… Ati
michuu qabda. Sii fi isa gidduutti jaarsummaan hin barbaachisu! (Ibr 4:15)

 Afaan siif galuun kan sitti haasa’u, sadarkaa keetti gad of buusee akka siif galutti kan sitti
dhiyaatu…Ati michuu qabda! Sii fi Waaqayyo gidduutti Tuurjumaanni biraan hin
barbaachisu.

 Yoo ati kufte iyyuu kan si gatee hin darbine, ol fuudhee kaasuu isaatti kan si baatu,
suuta jedhee kan si oofu…ati michuu giddu-seentummaan namaa isin gidduutti hin
barbaachifne qabda! Isa 40:11

 Yesuus siif geggeessaa warra fiiguu wajjin hin fiigneedha!

 Barsiisaa biraan iyyuu si hin barbaachisu. 1Yoh 2:27

 Michuun kee karaa eenyuu iyyuu si arguu hin barbaadu, kallattiidhumaan mana kee
dhufuu barbaada, kallattiidhumaan si haasofsiisuu barbaada! Afaanuma keerraa
dhaga’uu barbaada! Iyo 19:27 “Anumatu ija kootiin isa arga malee kan biraa miti!”

 Kana booda Yesuusiin simatu ija keetiin arga malee, namatu siif arga miti.

 Giddu-seentummaan eenyuu iyyuu hin barbaachisu. 1Xim 2:5

 Barri kakuu haaraa, “Waaqayyo akkas siin jedhe” jedhanii bara jette jettee sii fi
Waaqayyo gidduu deddeebisan miti, Si’umatu arga kana booda!

 Yesuus gaafa ol ba’e, “Nan deema, biyyi lafaa na hin argu, isin garuu na argitu!”
jedheera. Yoh 14:16-20

 Yesuus siif qabatamaadha! Amma iyyuu qaqqabattee, dhandhamattee, urgeeffachaa


wajjin jiraachuu in dandeessa! 1Yoh 1:1-2

 Amma akka durii miti; Waaqayyo karaa Yesuusiin nutti dubbata. Ibr 1:1-2

 Ilma isaa kana qabattee bakka buufata Waaqayyoo kutaan ati seenuuf dhorkamtu hin
jiru; Waan ati kadhattee dhaga’ama itti dhabdu hin jiru! Yoh 16:23-24
 Waaqayyo Yesuusiin ala ijoollee Special hin qabu! (THE ONLY BEGOTTEN SON)!

 Amantootni keenya bobaa eenyuu iyyuu jalaa ba’anii, fuulaa fuulatti Kiristoosii wajjin
wal arguu qabu!

 Baayyee kan na dhibu, Kakuu moofaa keessa taa’ee namni Waaqayyoo wajjin hariiroo
baayyee dhi’oo qabu tokko tureera! Musee! Bau 33:11

Iccitiin Hariiroo Cimaa Musee Fi Waaqayyo Gidduu Maal Ture?


 Waan inni cubbuu hin hojjenneefii? Lakki, Museen isuma jalqabe iyyuu cubbuudhaan
jalqabe. Nama ajjeesee jalqabe! Maaliree?

A.1) Museen eenyummaa isaa beeka ture.

 “Museen erga nama ga’aa ta’ee…”, Bau 2:11

 Musee nama ga’aa kan jechisiise umurii isaa qofa miti. Eenyummaa isaa beeka ture. Ibr
11:24

 Museen mana mootichaa keessa jiraachaa, eenyummaan isaa wal jalaa hin makne ture.

 Rakkoon Kiristiyanotni bara keenyaa karaa namaa malee Waaqayyotti dhiyaachuu hin
dandeenyeef inni guddaan, eenyummaa isaanii wallaaluudha!

 Kiristiyaanni Kiristoos keessatti eenyummaa isaa utuu argatee, giddu-seentummaa


nama biraaf balbala hin banu ture!

 Mee Fakkeenyaaf: Ijoollee keessan keessaa mucaan tokko utuu kana naaf biti jedhee isin
gaafachuurra, karaa obboloota isaatii isin gaafata ta’ee, Yoo waa rakkate illee maaloo naaf
gaafadhaa jedhee obboloota isaa isinitti erga utuu ta’ee akkam isin aarsa?!

 Namni eenyummaa isaa hin beekne jireenya isa hin madaalle jiraata!

 Yeroo isin eenyummaa keessan wallaaltanii karaa namootaa Waaqayyotti dhiyaattan


Waaqayyotti hin tolu!

Kiristiyaanni Kiristoos keessatti eenyuudha?

Akka isin kallattiidhaan Waaqayyotti dhiyaattan maaltu isin godha?


 Yoo kadhattee waan dhageessifachuu dandeessu sitti fakkaachuu dide, Yoo
Waaqayyo sirraa fagaatee sitti mul’ate akkas godhi:

i) Aboo Mucummaa qabaachuu kee yaadadhu! Yoh 1:12, Gal 4:6-7, Yoh 15:15-16

 Ati Waaqayyoof mucaadha malee garbicha miti.

 Waaqayyo dirqama abbummaa sirraa qaba!

ii) Ija-jabina qajeelummaa Kiristoosiin nuuf kenname yaadadhu. (Boldness) Ibr 4:16, 10:35
 Duraan yakka keenya irraan kan ka’e ijoollee dheekkamsaa turre, murtoo du’aa warra
eeggatan turre. Waaqayyo garuu karaa Kiristoosiin bilisa nu baase. Kun qajeelummaa
argachuu jedhama.

 Erga qajeelota taanee egaa ija jabina qabna.

A.2) Museen eenyummaa Waaqayyo isaa beeka ture. Bau 3:13-14

 Museen waa’ee Waaqayyoof beekumsa gaaddiddooftuu wayii qabatee miti kan gara
tajaajilaatti seene! “Ati eenyuudha?” Jedhee Waaqayyoon gaafate hamma sirriitti isa barutti.

 Baayyeen keenya mana Waaqayyoo keessa bara dheeraa jiraanne malee Waaqayyo nuuf
eenyu akka ta’e qulqulleessinee waan barre hin fakkaatu!

 Yoh 14:7-9 irratti, Filiphoosfaa Yesuusii wajjin waggoota lakkoofsisanii garuu isa hin
beekne turan!

 Hose 4:6 irraa immoo, “Sabni koo na beekuu waan dadhabeef balleeffame” jedhe
Waaqayyo!

 Isa 1:3 irraa, “Hamma Qotiyyoon abbaa isaa, Harreenis goorontoo gooftaa isaatii beeku
illee sabni koo na hin beeku” jedhe Waaqayyo.

 Waaqayyo hammam akka nu jaallatu, garaa akkamii akka nuuf qabu hamma hin
beeknetti Waaqayyotti kallattiidhaan dhi’aachuun nutti ulfaata!

 Ani dur yeroon daa’ima ture, yeroo haati koo hojiidhaaf baatu waanuma isheen deebitee
manatti galtu natti hin fakkaatu. Hammam akka isheen na jaallattu waanan hin beekneef!

 Kiristoosiin nuuf maal akka ta’e hamma barrutti boris jaarsummaa barbaacha
mandara deemuun keenya ittuma fufa!

 Kiristoos nuuf angafa lubaa isa ho’a qabeessa.


 Isa dadhabbiin keenya garaa isa rukutuudha.
 Abukaatoo yeroo hundaa nuuf dubbatuudha.

 Jalqaba Image Gooftaaf qabnu jijjiiruu qabna!

 Waaqayyoon beekuu jechuun waa’ee Waaqayyoo odeeffannoo qabaachuu jechuu


miti!

 “Beekuu” inni jennu, jecha afaan Ibiraaysxii isa, “YADA” jennu irraa dhufe. Kunis,
Hariiroo wajjin qabaachuu jechuudha! Fkn: Uum 4:1

 Kanaaf hariiroo Gooftaa wajjin qabnu haa haareffannu malee, Nuyi aarsaa
Kiristoosiin of dandeenyee, namoota ga’oo taanee, ofirra dabarree iyyuu namootaaf
dhimma baasuu in dandeenya!

You might also like