You are on page 1of 23

1

1.

Maqootaa fi Maairagoota (titles) Yesuus Kiristoos

Yesuus: - Jecha Girikii yeroo tau, hiikni isaas fayyisaa jechuudha. Afaan Ibrayisxiitiin

Yeshu-wah hiikni isaas Yaahiwween fayyisaadha yookiin Waaqayyo fayyisaadha jechuudha.


Kiristoos: - Kan dibame, Kan filame jechuudha. Kunis kaayyoo fi hojii isaa hundumaa

galmaan gauuf aboo (angoo) qabaachuu isaa maqaa ibsuudha. Kiristoos maqummaa isaa irra maairagaa (muudama) fi aboo isaa kan agarsiisuudha. Mat 16:16, Hoe 2:36
Amaanueel:- Waaqayyo fooniin mulachuu isaa fi uummaticha keessa jiraachaa akka ture

kan agarsiisuudha. Isa 7:14, Mat 1:23


Ilma Waaqayyoo: - Ilma amala Waaqayyoo kan bara baraa, jechuunis Waaqa guutuu tauu

isaa kan agarsiisuudha. Mat 16:16, Yoh 1:23


Ilma namaa:-Fooniin mulachuu isaa, foonii fi dhiiga nu waliin kan hirate fi nama guutuu

tauu isaa moggaasa agarsiisuudha.Mar 10:45, Mat 26:64


Gooftaa: - Jecha Girikii kan Kuuriyoos hiikni isaas, kan jiruu fi kan ture jechuu dha.

Kunis maqaa Yaahiwwee yeroo tau, Macaafa qulqulluu afaan Girikii keessatti uumaa fi uumama isaa mara kan nyaachisu maqaa Waaqaati. Yoh 13:13, Hoe 2:36
Barsiisaa: - Saba isaa Israaelii fi akkasumas ormoota hundumaa akka barsisiisuuf kan

Waaqayyo biraa ergame; barsiisaa tauu isaa kan agarsiisuudha. ( Yoh 3:2, Luq 229-32, Yoh 13:13)
Mootii: - Teessoo Daawwit irra kan taau, mana Yaaqoob hundumaa irratti, Yerosaalem

Magaalaa mooticha isa guddaa irratti moouuf aboo qabaachuu isaa maqaa agarsiisuudh. (Mootummaa waggaa kumaa qayyabadhu.) Mat 2:1-11, 27:37
Ilma Daawwit: - Waaqayyo Daawwitiif teessoo isaa irra bara baraan ilma taau akka

kaasuuf abdii kenneeraaf; kanaaf Yihuudonni hunduu abdii kan godhataniifi mootii isaaniis tauu isaa maqaa ibsuudha. (Far 89:28-39, Mat 1:1, Mar 10:48) Maqoota kanneen biraa
Bakkalcha barii-------------------------- Lak 24:17, Mul 22:16 Raajii isa guddaa-------------------------Kas 18:18, Mat 21:11 Dhagaa mataa golee---------------------Efe 2:20 Kattaa--------------------------------------Mat 16:16-18, 1Qor 10:4

Sagalee------------------------------------Yoh 1:1,14, 1Yoh 1:1, Mul 19:13

2. Eenyummaa Kiristoos (The Person of Christ) Yesuus Kiristoos eenyudhaa? Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu, Nama guutuu qaama tokko keessatti, ammas, akkuma kana gara fuula duraattis bara baraan akkuma kanatti ni jiraata.

Kutaa 1ffaa

2.1.

Waaqa guutuu tauu Yesuu Kiristoos

Barumsi waaee waaqummaan isaa foonii wajjin qaama tokko keessa buluu isaa foon uffachuu (incarnation) jedhama. Inkarneeshin jechuun dhoksaa hojii waaqaa kan tae waaqni foon uffachuun qaama tokko tauu isaa kan ibsuudha. Kanaafis Kiristoos nama guutuu qofa utuu hin tain akkasumas waaqa guutuudha. Ragoolee
2.1.1.

Maqoota inni ittiin waamame kanneen tuqaman

a. Waaqayyo (Theos) (Yoh 1:1-3) Jechi kun guutummaatti eenyummaa waaqa tae qofaaf kan itti gargaaramnu yeroo tau kutaalee macaafa qulqulluu kanatti aananii tuqaman keessatti Tewos kan isaan eeramaniif (caqasamaniif) eenyummaa waaqummaa Yesuus Kiristoos ibsuufidha. Yoh 1:1, 20:28, Rom 9:5, Tit 2:13, Ibr 1:8, 2Phex1:1

Kutaaleen macaafa kakuu moofaas Yesuus Kiristoos Waaqa tauu isaa sirriitti ibsaniiru. Isa 9:6, Far 110:1, 45:6, 102:2

b. Gooftaa (Kyrios) Bara Kiristoositti jechi kun macaafa qulqulluu ogeessota torbaatamanii afaan Girikii keessatti kan itti fayyadaman maqaa Waaqaa kan Ibraayisxiidhaan Yaahiwwee yookiin Jehoovaah jedhuufidha.

Kiriyoos macaafa kakuu moofaa Afaan Girikii keessatti Waaqayyo Gooftaa moggaasa jedhu bakka buuun yeroo (sia) 6814) barreeffameera. Akkasuma Kiiriyoos maqaa Gooftaa Yesuus ittiin waamamuudha. Sababa kanaatiifis dubbisaan Girikii tokko Gooftaa Yesuus jecha jedhu han inni hubatu Uumaa waan hundumaa,uumama isaa

kan nyaachisuu fi kan isaan bulchu jedheeti. Luq 2:11, Mat 3:3, Isa 40:3, Mat 22:44, 1Qor 8:6, 12:3
c.

Jechootaa fi moggaasolee Yesuus ofii isaatii itti fayyadame Abrahaam utuu hin dhalatin An jira I am (Yoh 8:58) Barsiisonni Yihuudotaa Ana kan jedhu kan isaan wal qabsiisan Bau 3:14 irratti maqaa caqasamee I am whoI am kan jedhuu wajjin waan taeef dhahuudhaaf dhagaa kaasan. Yoh 8:59

Ani Alpha oomeegaa dha. Mul 22:13 Jalqabaa fi dhuma moggaasi jedhu eenyummaa waaqummaa kan ibsu yeroo tau kakuu moofaa keessatti kan tuqamee Waaqayyoofidha.

Ilma Waaqayyoo Ilma amala waaqayyoo kan taee fi ofii isaa Waaqayyoo kan tae jechuudha. (Mat 11:2530, 17:5, 1Qor 15:28, Ibr 1:1-3, 5, 8. Abbaan kan hojjetu hundumaa ilmis ni hojjeta. Yoh 5:20-22,25, 16:15

d. Yesuus/Amaanueel Ibraayisxiidhaan Yehoshuah kun maqaa Waaqayyoo yeroo tau; Yehooshuha jechuun Waaqayyo fayyisaa (daawaa) dha jechuudha. Akkaasumas Amanu-el, El-Waaqa jechuudha. kanaafuu Waaqayyo nu wajjin akka jechuu waan taeef inni Waaqayyo Waaqadha
2.2.

Amaloota Waaqummaa Yesuus (Divine Essences)


Amaloota waaqummaa jechuun, amaloota waaqni qofti qabaachuu dandau; uumamni kam iyyuu qabaachuu kan hin dandeenye amalootaa fi eenyummeessaa waaqaa kan calaqqisiisaniidha.

I.

Hundumaa gochuu ni dandaa (omnipotent) Dhahaa bishaanii sagalee isaatiin abbooma. (Mat 8:26-27) Buddeenaa fi qurxummii baayiseera. (Mat 14:19) Bishaan gara daadhii Wayiniitti jijjiireera. (Yoh 2:1-11)

II.

Kab bara baraan jiraatuudha (ethernity) Yoh 8:58, Mul 22:13

III. Hundumaa beeka (Omniscience) Yaada nomootaa (Mar 2:8), Kan dabarsee isa kennu (Yoh 6:64, Yoh 2:25, 16:30) IV.Bakka hundumaatti ni argama (omnipresence) (Mat 18:20, 28:20)

Aboo (taayitaa) hundumaa ol tae qaba (sovereignity) Cubbuu dhiisuu (Mar2:5-7), Waaqayyo akkas isiniin jedha kan jedhu utuu hin tain Ani garuu isiniinan jedha jedha. (Mat 5:22, 28, 32, 34, 39, 44,)
e.

Waaqeffannaa ni fudhata ture Ergamoota irraa (Ibr 1:6 Mul 5:6-19), Namoota irraa (9:38), Jilba hundumaa irraa (2:9-11). Walumaagalatti Yesuus Kiristoos guutummaan Waaqummaa kan ittiin mulateedha. (Qol 1:19, 2:9)
f. 2.3.

Barbaachisummaa Waaqa guutuu tauu Yesuus Kiristoos


eenyummaa waaqa guutuu tae qofa waan taeef.

a. Firdii yookiin murtii warra isatti amananii baachuuf yookiin balleessuu kan dandau

b. Fayyinni waaqayyo biraa qofa waan taeef. (Yoh.2:10) c. Waaqa fi Namoota gidduutti giddu galeessa tauu kan dandau Waaqa guutuu fi nama

guutuu yoo tae qofa waan taeef. (1Xim. 2:5) Kanaafuu Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu utuu tauu baatee fayyinnas tae kiristaanummaan gonguma hin jiraatu. Ilma kan ganu hundinuu Abbaa hin qabu. (1Yoh.2:23) Barsiisa Kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hinqabu. (2(1Yoh.2:23) Akka barsiisa kiristoositti kan hin jiraanne Waaqa hin qabu. (2Yoh:9)

Yesuus Kiristoos Waaqa guutuudha.

Kutaa 2ffaa
2.1.

Yesuus Kiristoos nama guutuu tauu isaa (Namummaa isaa)


Ragoolee Durbarraa dhalachuu isaa:-haala dinqisiisaadhaan durba kan turte Maariyam irraa dhalate. Isheenis humna Hafuura Qulqulluutiin abbaa foonii malee isa ulfoofte. Mat 1:1820

Raawwiilee sagalee raajotaatiif durbummaan ulfaauu ishee qofa utuu hin tain durbummaan dauun ishees barbaachisaa ture.

Kanaafis mucichi (Yesuus) ilma Waaqayyoo isa qulqulluu ture. ( Luq 1:34-36)

a.

Barbaachisummaa Durbarraa sanyii dhiiraa malee dhalachuu isaa

a. Fayyinni guutummaatti kan dhufu Waaqayyo biraa qofa waan taeef.

Namni Tattaaffii isaatii fi fedha isaatiin tasuma iyyuu fayyuu hin dandau. Kanaafuu karaa ayyaanaa fayyisuu Waaqayyoo eeggachuutu irra waan tureef.

b. Karaan eeyyummaan isaa nama guutuu fi waaqa guutuu tae ittiin qaama tokko

tauu dandau karaa kana qofa waan tureef Yesuus maatii foonii utuu hin qabaatin waaqa irraa foon guutuu uffatee utuu bueera taee nama guutuu tauu isaa mirkaneessuun hin dandaamu ture. Yesuus akkuma keenya haadhaa fi abbaa foonii irraa utuu dhalateera taee tasuma iyyuu waaqa guutuu tauu isaa mirkaneessuun hin dandaamu ture.
c. Nama guutuu tauun isaa fi sanyii cubbuu irraa walaba (bilisa) tauun isaa kan ittiin

mirkanaaeedha.
Yesuus akka namootaa biroo itti fufiinsa sanyii Addaamiin kan dhalate miti. Sanyiin kan

lakkaaamu karaa dhiiraa malee karaa dhalaatiin miti.


Hafuurri qulqulluun Maariyam cubbuu qabaattu iyyuu gara Yesuusitti akka hin darbine

hojii golguu isaa hojjeteera. (Luq 1:35)


b.

Amaloota namummaa Yesuus Kiristoos

a. Yesuus qaama namaa uffateera.

Akka mucaatti dhalateera. (Luq 2:7) Akka ijoolleetti, ogummaan, beekumsaan, qaamaanis ni guddata ture. (Luq 2:40,52)
Ni dadhaba ture. (yoh 4:6)

Ni beelaa ture. (Mat 4:2) Ni dheebota ture ( Yoh19:28)


Ergamootni isa ni tajaajilu turan. (Mat 4:11) Lubbuu isaa harka Waaqayyootti adaraa kennate. ( Luq 23:46) Yeroo duaa kaetti qaamni namummaa isaa guutummaatti qaama duaa kauu uffatee

duaa kaeera. Kanaafuu qaama fi lafee kan qabuu malee hafuura hin turre. (Luq 24:39) fuula isaanii durattis nyaata nyaateera. (Luq 24:42, Yoh20:17,20,27, Yoh 21:9-13)
Hundumtuu utuu ilaalanii qaamuma ittiin kae sanaan gara waaqaatti (samiitti) ol baeera.

(Hoe 1:9) Kaaafuu Yesuus deebiee kan dhufu qaamaani malee hafuuraan miti. b. Yesuus sammuu namummaa qaba. Ogummaatti ni guddata ture.
Akkuma ijoollee warra kan biraa hundumaatti, nyaachuun, deemuun, dubbisuu fi k.k.f

barachaa guddatte. Ajajaa (bboomaa) kan tures abboomamuu barate. (Ibr.5:8)

c. Lubbuun Yesuus fedha namummaa qabdi turte Lubbuun kutaalee sadii qabdi 1. Fedha 2. Miira
3. Beekumsa

Lubbuun isaa ni dhiphatti turte. (Yoh 12:27) Hafuurri isaatiin ni dhiphata ture (Yoh 13:21) Lubbuun isaa ni gadditi turte (Mat 26:38)
Ni ajaaibsiifata ture. ( Mat 8:10) Ni gaddaa, akkasumas ni booa ture(Yoh 11:35) Sagalee guddaadhaa fi imimmaaniin ni kadhata ture. (Ibr 5:7)

3.3.

Yesuus Kiristoos nama isatokkicha isa raawwatee cubbuu hin qabne

Yesuus Kiristoos nama guutuu yeroo tau, sanyii namaa isa cubbuudhaan mancae irraa

adda kan isa godhu raawwatee cubbuu kan hin hojjenne tauu isaati. Namni jalqaba gaafa Waaqayyo isa uume cubbamaa hin turre, akkasuma Yesuus akka namicha isa yeroo jalqabaa sana cubbuuttii walba (bilisa) kan tae nama guutuu ture jechuudha.
Ani ifa biyya lafaati (Yoh 8:12) Ifni ibsituu dhugummaa (haqummaa) fi qulqullummaati. Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu nan hojjedha. (Yoh 8:29) Abboommii abbaa

isaa ni raawwata ture. (Yoh 15:10), Philaaxoosis yakka tokko illee isa irratti hin argine. (Yoh 18:38)
Fakkeenya foon isa namni cubbamaan uffatu uffate malee cubbamaa taee hin mulanne.

(Rom 8:3)
Cubbuu tokko illee hin qabu (cubbuu tokko illee hin beekne) ture. (2Qor 5:21) Qoramuu

illee raawwatee tasuma iyyuu cubbuu hin hojjenne. (Ibr 4:15) Inni hamaadhaan hin qoramu waan taeef. (Yaq 1:13)
Qulqulluu fi mudaa kan hin qabne cubbamoota irraa adda kan bae nama guutuu ture. (Ibr

7:26, 1Phex 1:19, 2:22, 3:38, 1Yoh 2:1, 3:5)


Barbaachisummaan sababiin qoramuu isaas nu gargaaruudhaafi. (Ibr 2:18)

1.4 Yesuus Kiristoos guutummaatti nama tauun maaliif barbaachisee ?


Ergamaa Yohaannis ergaa isaa kan barreesse Yesuus nama guutuu miti kan jedhu barumsi dogoggoraa yeroo kaetti ture. (1Yoh 4:2-3)

Dosetizimii (Docetism):- Dokiyo jechi jedhu jecha Girikii yeroo tau hiikni isaas fakkaachuu yookiin dhihaachuu jechuu yeroo tau nama fakkaate malee nama hin taane kan jedhu barumsa falaasafaa (kalaqa sammuu isaa) ture.

2.2.

Barbaachisummaa guutummaatti nama tauu Yesuus Kiristoos

a. Bakka buummaan abboomamuudhaaf (For representative obedience) Addaam sanyii dhala namaa bakka buee abboomamuu diduudhaan cubbuu hojjete. Kanaafis namni hundi sababa irra daddarbaa Addaamiif kan cubbuu hojjetuu fi kan irra daddarbu tae. (Uma 2:15, 3:8) Irra daddarbaa Addaamiif kufiinsa isaa. Karaalee cubbuu ittiin galan sadan (3)n (1yoh 2:15-16) Dubartittii fi Abbaa manaa ishee Bareedina ijaa -----------------------------------------Ijatti kan nama hawwatu. Kajeellaa (hawwa)foonii- Nyaachuudhaaf kan miidhagu. Jireenyaan kooruu (boonuu)Ogummaadhaaf gaarii akka tae argite. Kiristoos Kiristoos sanyii dhala namaa hundumaa bakka buuudhaan abboomame. Kanaafis sababa abboomamuu isaatiif kan isatti amanan hundaaf qajeelummaan ni lakkaaamaaf. (Luq 4:1-13, Rom 5:18-19) Bareedina ijaa: -------------- Ulfina mootolee lafa irraa itti agarsiise. Hawwa (kajeellaa) foonii:--Yeroo inni beelaetti dhagicha daaboo godhi ittiin jedhe. Jireenyaan boonuu:----------Yoo ilma Waaqayyoo taate kan irraa of darbadhu ittiin jedhe. Kiristoos Addaam isa gara booddeeti. (1Qor 15:45) Addaam nama isa duraa ture Kiristoos garuu nama isa lammaffaadha. Addaam isa jalqabaa (Rom 5:18-19) Hin abboomamne Irra daddarbaan isaa qajeelummaa Addaam Addaam isa gara booddaa (Kiristoos) Guutummaatti abboomame Baayinni qajeelummaan isaa baayina

10

isa boodaa biratti baayee baayee xinnoodha. Sababa kanaaf namoonni hundinuu ni duu turan. b.

cubbuu addaam isa duraa irra baayisee baayisee ni caala. Sababa kanaatiif namoonni bara baraan ni moou.

Bakka buummaadhaan duuu fi akkasumas aarsaa tauuf

Waaqni sababa hin duuneef foon isa duu uffachuun isa barbaachise. (Yoh 1:14)
Karaa dua isaatiin taayitoolee (aboo) jiran diiguuf foonii fi dhiiga hirachuu isa barbaachise.

(Ibr 2:15-17)
Kanaafis aarsaa kakuu moofaa hundumaa bakka buuudhaan dhiifamuu cubbuu guutuu tae

argachiisuu akka dandauuf aarsaa tauutu irra ture. (Yoh 1:29, Ibr :22-28, Ibr10:1-18) Kanaafis Yesuus Kiristoos kan due sababa mataa isaatiif utuu hin tain sababa namootaatiif waan taeef dui isaa bakka buumsaan duuu (Substitutionary death) jedhama. c. Waaqayyoo fi Nama gidduutti giddu galeessa (angafa lubaa) tauudhaaf.
Inni Waaqa guutuu tauu isaatiin Waaqayyoon fuul-dura dhaabachuu kan dandau fi nama

guutuu tauu isaatiin amantoota dadhabbii isaanii keessatti isaan gargaaruu kan dandau taeera. (1Xim 2:5)
Sababa namummaa isaatiif qoramee waan beekuuf (kan qorame waan taeef) garaa nuuf

laafuu ni dandaa. (Ibr 2:18, Ibr 4:15-16)

Hojiilee Fayyisaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos namummaa isaatiin hojjetu


1. Foon (nama ) tauu isaa ( Incarnation)
Waaqayyo kan tae Sagaleen foon tauu. (Yoh 1:14) Waaqni foon uffatee mulate. (1Xim 3:16, 1Yoh 4:2)

Akka bifaa fi fakkeenya namaatti mulate. (Fil 2:6-8)


Waaqni hin mullanne qaama argamu uffatee namoota gidduu buufate.Yoh1:14, Mat 1:23

Cubbuu irraa kan hafe akkuma keenya nama tae. (Ibr 4:15)

2. Bakka buummaadhaan abboomamuu (Representative Obedience)


Seera hundumaa eegee jiraate. (Mat 5:17)

11

Fedha abbaa isaa qofa raawwachuu (gochuudhaan) jiraate. (Yoh 4:34, 5:30, 6:38, 17:5) Seera Kan kennee fi abboomaa kan ture ofii isaatii abboomamuu bare. (Ibr 5:8)

Kana hundumaas kan godheef abboomamuuf waan taeef, abboomamuu tokkicha Yesuus Kiristoosiin kan isatti amanan hundaaf akka waan abboomamaniitti lakkaaamanii fii ni qulleefamu. (Rom 5:15-21) 3. Abaarsa tae
Namoonni hundinuu seera eeguu dadhabuu isaaniitiif abaarsa jala jiru. Gal 3:10, Kes 27:26 Mukatti kan fannifame hundinuu kan abaarameedha jedhamee waan barreeffameef bakka

keenya abaarsa tae. Kes 21:23, Gal 3:13


Kanaaf abaarsa isaanii akka irraa fudhate kan amanan hundi seericha eeguu dhiisuu

isaaniitiin abaarsi itti dhufa ture raawwatee guutummaatti hafeeraaf. Gat 3:13
Seericha eegee nan qullaaa kan jedhu hundi garuu hamma iyyuu abaarsa seerichaa jala jira.

(Gal 3:10, 1:6-9) 4. Bakka buummaan duuu (substitutionary death)


Abbaan isaa cubbuu biyya lafaa hundumaa isa baachise. Isa 53:6 Kanaafuu Abbaan isaa Yesuusiin cubbuu keenya isa godhe. 2Qor 5:21 Miindaan yookiin gatiin cubbuu dua waan taeef bakka keenya buee gatii cubbuu keenyaa

duaan adabame. 1Phex 2:24, 1Qor 15:3


Sababa dua isaatiin kan isatti amanan hundi; sababa cubbuu isaaniitiif duaan akka

adabamanii fi kan booda firdii jalaa walaba akka taan mirkaneeffameera. 2Qor 5:14,15, Rom 4:23-25
5. Warra Duan keessaa kauudhaan qajeelummaa keenya mirkaneesse

Yakka cubbamootaa baachuudhaaf inni raawwatee qulqulluu, seera hundumaa kan eege, raawwatee cubbuu kan hin hojjenne tauu qaba. Kes 12:5, Lew 4:3, Ibr 7:26

Seera hundumaa kan eege, cubbuus kan hin qabne yoo tae jireenyatti jiraachuun ni taaaf. Lew 18:5, His 20:10, Rom 10:5, Gal 3:12

Cubbuu keenyaaf yoo due iyyuu adabbii cubbuu keenyaa guutummaatti fudhachuu isaa fi nuyiin immoo qajeelota bara baraa tauu keenya mirkaneessuudhaaf warra duan keessaa kae. Rom 4:24-25

12

Isatti kan amanu hundi cubbuu isaaniitiin hin jiran, kanaafis firdii bara baraa jalaa walaba taeera. (1Qor 15:17)
6. Gara samii (Waaqaa) ttii ulfinaan ol bahee Biyya lafaa irratti hojii itti kenname hunda raawwachuun Abbaa isaa kabaje. Yoh 17:4 Arsaa bara baraaf tau al-tokko (yeroo tokko) dhiheessuun xumure. Ibr 10:12 Biyyi lafaa yoo fudhachuu dhaabaates waaqa irratti fudhatamuun isaaf ni taa. Hoe 3:21 Salphina guddaadhaan akka jiraate waaqa irratti ulfina guddaadhaan fudhatame. 1Xim 3:16,

Fil 2:9-11, Ibr 2:9


Diinota isaa hundumaa hamma guyyaa bituutti mirga Abbaa isaa taae.

Mirga jechuun Humna ibsa. Ibr 2:5-9, 1Qor 15:25, Far 110:1

7. Angafa lubootaa tauudhaan amantoota hunda tajaajiluuf


Waaqayyo mamii malee kakaadhaan angafa lubootaa godhee isa muude. Ibr 7:20-22 Godoo ishee waaqa irra jirtu keessatti waaee keenyaaf isa duraa taee galeera. Ibr 6:17-20

Waaqayyoo fi namoota gidduu dhaabachuudhaan iddoo isaanii buee ni ilaalamaaf. Ibr 9:24
Inni Waaqayyoo fi amantoota gidduutti golgaa guutuu, qulqullaaaa fi mudaa hin qabne

tauu ni tajaajila. Iba 10:19-20


Kanaafis karaa isaa gara waaqayyootti kan dhiyaatan hundi; qajeelotaa fi mudaa kan hin

qabne taanii karaa Kiristoos akka dhiyaatan karoora (maree) bara baraa kan ture hojiitti hiikamuu dandaeera. Efe 1:4, Ibr 7:25
Sababa kanaatiif amantoonni yeroo isaan barbaachise hundumaatti soda tokko malee ija

jabummaa guutuudhaan gara mirga Waaqayyootti dhiyaachuu ni dandau. Efe 2:18, Ibr 10:19-20,
Inni yeroo hundumaa godoo qulqullaaaa isa waaqa irraa keessatti tajaajilaa keenyadha. Ibr

8:1-2, 9:11-14
8. Lammaffaa gara biyya lafaatti ulfinaa deebiuusaa

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos Ulfina guddaadhaa wajjin lammaffaa qaamaan gara biyya lafaa kanaa ni deebia. Hoe 1:11, Zak 14:5, Mar 14:62, Mul 1:7

13

Jalqabatti Waldaa Kiristiyaanaa fi isatti amananii warra boqotan (of baafatan) qulqulloota

hundumaa gara samiitti (waaqaatti) ol ni isaan buta. 1Tas 4:13-18 Guutummaa biyya lafaa irratti waggaa torbaaf qaramsi sodaachisaan ni dhufa. Mul 4:19, His 38, 39, Zak 14 Duraan dursanii qulqulloota butamanii wajjin biyya lafaa irra ni dhufa. Qol 3:4, Zak 14:5, Mul 19:14 Wangeelaaf warra hin abboomamin hundumaasaanii ijaa baa. 2Tas 1:6-11 9. Guutummaa biyya lafaa irratti ni mooa
Bitaa biyyaa lafaa kanaa kan tae Diyaabiloosii fi hafuurota hamoota lafarraa haxaaee ni

balleessa. Mul 20:1-3 Mootummoonni bayya lafaa hundi bittaa isaa jalatti ni kufu. Mul 11:15-18, Dan 2:36-45 Lafa irratti waggaa kumaaf yeroo inni mooutti amantoonni isaa wajjin ni moou. 2Xim 2:11, Mul 20:6, 22:5 Yeroo bulchiinsa isaa kana waggaa kumaa keessatti biyya lafa hundumaa irratti Nagaa guutuutu taa Qajeelummaa guututu tae Eebbi guutuu tae ni taa.
10. Warra duoo hundumaa irratti ni murteessa

Mootummaa isaa kan waggaa kumaa booda teessoo adii irra ni taaa. Mul 20:11 Duaa kauu isa duraatti warri hin kain (warri duan) firdii fudhachuuf teessoo isaa dura ni dhaabatu. Mul 20:12 Maqaan isaanii macaafa jireenyaa irratti barreeffamee waan hin argaminiif gara kuufama ibiddaatti isaan darbata. Firdiin kanas namummaa isaa guutuudhaan raawwata. Yoh 5:22, 27
11. Kiristoos waaqaa fi lafa isa haaraa keessatti

Ulfina dhaaltummaa waldaa kiristiyaanaa ni mulisa. Mul 21:2 Namoota gidduu ni buufata (bula). Mul 21:3 Inni ofii isaatii isaanii wajjin ni jiraata, Waaqayyo isaanis ni taaaf. Mul 21:3

14

Amantoota dhiphina isaanii raawwatee isaan irraanfachiisa. Mul 21:4 Waan hundumaa haaraa godha. Mul 21:5 Achitti mana qulqullummaa fi giddu galeessa (bakkaa) waaqeffannaa Waldaa Kiristiyaanaa (Yerosaalem ishee haaraa) ni taa. Mul 21:22 Yerosaalem ishee haaraadhaaf ibsaa ishee ni taaaf. Mul 21:23, 22:5 Hojjetoonni isaa fuula isaa ilaalaa ni sagaduuf. Mul 22:3-4 Hojjettoonni isaa, isaa wajjin ni moou. Mul 22:3-5

Kutaa 3ffaa Waaee Yesuus Kiristoos irratti ilaalcholee dogoggoroo taan


a. Apaalinaariyaaniizim: - Ipaalinaaris bara 361Dh.K.D phaaphaasii Loodoqiyaa ture.

Qaamni Yesuus qaama namaa taus garuu, yaada fi amala namaa hin qabu ture. Amalli waaqummaa isaa qofatu namummaa isaa keessa jiraata jedha ture.

Barumsichi bara 362 walgaii Aleksaandariyaatti, bara 381 walgaii Konistaantinoopilitti dhorkameera.
b. Nestooriyaaniizim: - Kiristoos keessa eenyummaa garaa garaa lamatu turan kan jedhu ture.

Kan jechuunis eenyummaan namummaa fi eenyummaan waaqummaa gara gara baanii qaama tokko keessa turan jedheera. Nestooriyaas bara 428 Dh.K.D waldaa Anxookiyaatti lallabaa beekamaa fi Phaaphaasii Konistaantinoopil taee ture.

15

c. Monofisiitiizim/Iyuuteeyikiizim Awuxaakee nannoo bara 378-454 keesstti gadaamii konistaantinoopil turetti itti gaafatama ture. Kiristoos amala tokko qofa qaba ture malee gonkumaa amaloota lamaan hin qabu jedhe. Amalli namummaa isaa hunduu amala waaqummaa isaa wajjin walii walii isaanii fudhatan jedhee barsiise. Kanaafis amala haraa qaba jedha ture.

Karaalee Wangeelonni Arfan adda durummaan eenyummaa Yesuus ittiin mulisan


Maatewoos: - Yesuus mootii Yihuudotaa fi masihii Mootii kan jedhu yeroo saddeet (8), Ilma Daawwit kan yeroo sagal (9) barreeffameera. (Mat 2:2, 21:5, 25:34, 40, 27:11, 29, 37, 42,) (Mat 1:1, 9:27, 12:23, 15:22, 20:30-31, 21:9,15, 22:42) Maariqoos:-Yesuus dinqii kan godhu, tajaajilaa namaa fi Waaqayyoo. (Mar 6:2, 10:45) Luqaas: - Ilma namaa, fira ilmaan namaa, warra badan kan barbaadu. (Luq 19:10, 10:30-37, 15:4-7, 15:11-32, 18:10-14, 19:2-10, 23:39-43) Yohaannis: - Boqonnaalee hundumaa keessatti eenyummaa gara garaatiin ibseera. Boqonnaa
1. 2.

Ilma Waaqayyoo :1-14 Ilma namaa :1-10

16

3. Barsiisaa humna waaqummaa qabu : 2-21 4. Lubboota kan waamu :7-29

5. Ogeessa yaalaa guddaa :1-9 6. Buddeena jireenyaa :32-58 7. Burqaa bishaan jireenyaa :37 8. Gargaaraa cubbamootaa fi dadhabootaa :3-11 9. Ifa biyya lafaa :1-39 10. Tiksee gaarii :1-16 11. Mataa jireenyaa :1-44 12. Mootii :12-15 13. Tajaajilaa :1-10 14. Fayyisaa :1-3 15. Hundee muka wayinii :116 16. Hafuura qulqulluu kan kennu :1-15 17. Giddu galeessummaan kan kadhatudha is guddaa :1-26 18. Dhiphina kan hiratu :1-11 19. Fayyisaa isa fannifame :16-19 20. Dua kan mooe :1-31 21. Warra qalbii jijjiiratan kan suphu. :1-17 Yesuus Kiristoos kutaalee Macaafa Qulqulluu 66n keessatti adda durummaadhaan eenyummaa inni ittiin mulate. Qaqaa kutaa macaafaa
1. Seera Uumamaa 2. Seera Bauu 3. Seera Leewwotaa 4. Saara Lakkoofsaa

Eenyummaa Yesuus Kiristoos Waaqa keenya isa Uumaa Hoolaa faasikaa keenya Aarsaa cubbuu keenyaa Kan kaayyoodhaaf fannifame

17

5. Seera Keessa Keebii 6. Macaafa Iyaasuu 7. Macaafa Abboota Firdii 8. Macaafa Ruut

Raajii keenya isa dhugaa Geggeessaa fi mataa fayyina keenyaa Bilisa kan nu baasu geggeessa keenya Gatii kan nuuf baasu fira keenya isa nutti dhihoo

9. Macaafa Saamueel isa duraa 10. Macaafa Saamueel isa lammaffaa

Mootii keenya

11. Macaafa Moototaa isa duraa 12. Macaafa Moototaa sa lammaffaa


13. Macaafa Seenaa Baraa Isa Duraa 14. Macaafa Seenaa Baraa Isa Lammaffaa

Mootii keenyaa fi Raajii keenya

15. Macaafa Izraa 16. Macaafa Nahimiyaa 17. Macaafa Asteeer 18. Macaafa Iyoob 19. Macaafa Faarfanna 20. Macaafa Fakkeenyaa 21. Macaafa Lallabaa 22. Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 23.Macaafa Isaayaas Raajichaa 24.Macaafa Ermiyaas Raajichaa 25.Faaruu Ermiyaasii 26. Macaa Hisqeel Raajichaa

Isa jige kan haaressu Isa diigame kan suphu Waaee keenyaaf kan kadhatu Gatii kan baasu Hundumaa fi waan hundumaan kan tae Ogummaa keenya Dhuma waan hundumaa fi xumura Fira lubbuu keenyaa Masihii is dhufu

Huuxii qulqullaaaa Ilma namaa

18

27. Macaafa Daanieel Raajichaa 28.Macaafa Hoseaa Raajichaa 29. Macaafa Yooel Raajichaa 30. Macaafa Amos Raajichaa 31. Macaafa Obaadiyaa 32. Macaafa Yoonaas Raajichaa 33. Macaafa Miikiyaas Raajichaa 34. Macaafa Naahom Raajichaa 35. Macaafa Anbaaqoom Raajichaa --36. Macaafa Sefaniya Raajichaa 37. Macaafa Haagee Raajichaa 38. Macaafa Zakaariyaas Raajichaa 39. Macaafa Milkiyaas Raajichaa 40. Wangeela Maatewoos 41. Wangeela Maariqoos 42. Wangeela Luqaas 43. Wangeela Yohaannis 44. Hojii Ergamotaa 45. Gara warra Roomee 46. Gara warra Qorontos 1ffaa 47. Gara warra Qorontos 2ffaa 48. Gara warra Galaatiyaa 49. Gara warra Efesoon 50. Gara warra Filiphisiiyus 51. Gara warra Qolosaayis

Dhagaa daakuu fi bulleessu warra gara boodeetti deebian kan deebisu Kan haaressuu, fi Kan deebisu Abbaa manaa is waaqa iraa Fayyisaa keenya duaa kauu fi jireenya keenya ragaa dhugaa fi amanamaa yeroo rakkinaatti iddoo baqannaa keenyaa Waaqa fayyina keenyaa Waaqa hinaafaa Ormoota hundaan kan filame Huuxii qulqullaaaa Aduu qajeelinaa Masihii fi mootii Tajaajilaa Waaqayyoo fi namaa Ilma namaa fi warra badan kan barbaadu Ilma Waaqayyoo Gooftaa jiraataa Qajeelummaa keenya Gooftaa keenya Gaumsa keenya Walabummaa (bilisummaa) keenya Waan hundumaa keenya Gammachuu keenya Jireenya keenya

19

52. Gara warra Tasoloniiqee 1ffaa 53. Gara warra Tasoloniiqee 2ffaa 54. Gara Ximotewos 1ffaa 55. Gara ximotewos 2ffaa 56. Gara Tiitoos 57. Gara Filemon 58. Gara Ibrootaa

Abdii keenya isa deebiee dufu Gooftaa isa deebiee dhufu Barsiisaa keenya Fakkeenya keenya isa nu ilaallu

Fakkeenya keenya kan isa fakkaachuuf itti waamamne Gooftaa keenyaaf barsiisaa keenya Luba keenya isa teessicha dura dhaabate

59. Ergaa Yaaqoob-------- --Fakkeenya akkaataa jireenya keenyaa 60. Ergaa Phexros 1ffaa 61. Ergaa Phexros 2ffaa 62. Ergaa Yohaannis 1ffaa 63. Ergaa Yohaannis 2ffaa 64. Ergaa Yohaannis 3ffaa 65. Ergaa Yihuudaa 66. Mulata Yohaannis Dhagaa mataa golee isa ulfeeffame Humnaafi jabina keenya Jireenya keenya Dhugaa Karaa Amantii kenyaa kan eegu Motii keenya isa moou

Waaee Yesuus Kiristoosiif raajii dubbatamanii fi waaee isaan raawwachuu isaanii Sagalee Raajii Uma 3:15 Uma 18:18, 13:3 Uma 17:19 Lak 24:17, Uma 28:14 Uma 49:10 Far 89:28-27, Isa 9:17, 11:1-5 Mik 5:2 Dan 9:25 Sanyii dubartittii Sagalee abdii Sanyii Abraahaam Sagalee abdii sanyii Yisihaq Sagalee abdii sanyii Yaaqoob Sanyii Yihuudaa keessaa kan tae Sanyii teessoo Daawwit irra taau Bakka hundee dhalootaa Yeroo dhaloota isaa Xumuramuu isaanii Gal 4:4, Luq 2:7 Hoe 3:35, Mat 1:1, Gal 3:1518 Mat 1:2, Luq 3:34 Luq 3:34, Mat 1:2 Luq 3:33, Mat 1:2-3,Mul 5:5 Mat 1:1, Luq 1:32 Mat 2:1, Luq 2:4-7 Luq 2:1-7

20

Isa 7:14 Erm 31:15 Hos 11:1 Isa 9:1-2 Kes 18:15 Far 110:4 Isa 53:3 Isa 11:2-4 Zak Far 41:9 Zak 11:12 Zak 11:13 Far 109:7-9 Far 27:12, 35:11 Isa 53:7 Isa 50:6 Far 69:4, 109:3-5 Isa 53:4-5,6,12 Isa 53:12 Far 22:16 Far 22:6-8

Durbarraa dhalachuu isaa Ajjeefamuu mucoolii Gara Gibxii baqachuu Tajaajila isaa kan Galiilaattii Raajii guddaa tauu isaa Lubumma isaa isa akka kan Malkiisedeq tae Yihuudotaan fudhatama dhabuu isaa Amaloota isaa Akka mootiitti gara magaalattiitti seenuu isaa Namni inni nyaachise isa ganuu Qarshii soddomaan gurguramuu Qarshichis lafa suphe dhooftuutiif akka kaffale

Mat 1:18, Luq 1:26-35 Mat 2:16-18 Mat 2:14,15 Mat 4:12-16 Yoh 6:14, Hoe 3:19-26 Ibr 6:20, 5:5-6, 7:15-17 Yoh 1:11, 5:45, Luq 4:29, 17:25 Luq 2:52, 4:18 Yoh 12:13-14, Mat 21:1-11 Mar 14:10, Mat 26:14-16 Mat 26:15,Mat Mat26:14-16 Mat 27:6-10,

Bakki Yihuudaa nama biraan bakka Hoe 1:18-20 buufamuu isaa Dhuga baatota sobdoota Yeroo hadheessan cal-jechuu isaa Rukutamuu isaa fi itti tufuu isaanii Sababa malee jibbamuu isaa Dhiphina guddaan irra gauu isaa Cubbamootaa wajjin fannifamuu isaa Harkaa fi miilli isaa uranii fullaasuu isaanii Akka itti gaisan Mat 26:60-61 Mat 26:62:63, Mat 27:12-14 Mar 14:65,15:17,Yoh 19:1-3 Yoh 15:23-25 Mat 8:16-17, Mat 27,Mar 14 Mat 27:38 Yoh 20:27, Yoh 19:37 Mat 27:39-40

21

Far 69:21 Far 22:8 Far 109:4 Zak 12:10 Far 22:18 Far 34:20 Isa 53:9 Far 16:10 Far 68:18

Hadhooftuu fi daadhii wayinii afaaniin akaa qabu Jechoota isaan ittiin itti qoosan Diinota isaatiif akka kadhatu Cinaachi isaa eeboodhaan akka waraanamu Uffata isaa irratti muka buufachuu isaanii Lafeen isaa keessaa tokko illee akk hin cabne Awwaalli isaa warra sooressaa wajjin akka tau Duaa kauu Gara waaqaatti ol bauu isaa

Yoh 19:29, Mat 27:34,48 Mat 27:43 Luq 23:34 Yoh 19:34 Mar 15:24 Yoh 19:33 Mat 28:9, Luq 24:36 Mat 28:9, 24:36 Luq 24:50-51, Hoe 1:9

Tilmaama yeroo Gooftaa Yesuus Kiristoos lafa kan irra turee

Taeewwan (gochaawwan) Dhaloota isaa Gara Gibxiitti baqachuu Gibxii deebiuu Ijoollummaa isaatti yeroo inni itti mana qulqullummaa deeme Yeroo itti Yohaannis cuuphaan tajaajila isaa eegale Yeroo itti Yohaannis, Yesuusiin itti cuuphe Yeroo itti Gooftaa Yesuus tajaajila eegale Yeroo itti oduun Yesuus bakkee bae Yeroo itti mormiin isa irratti jabaachaa dhufe

Bara taeewwaan itti raawwatan (tilmaamaan) bara 4 yookiin 5 Dh.K.D bara 4 yookiin Dh.K.D bara 3 yookiin 4 Dh.K.D bara 8 Dh.K.B bara 26 DH.K.D bara 26 Dh.K.D bara 26 Dh.K.D Bara 27 Dh.K.D bara 28 D.K.D

22

Duuu fi duaa kauu isa

Jia isa jalqabaa bara 29 yookiin 30 Dh.K.D

Daawwit Faasil L.bilb 0917804407 L.S.P 63 Jimmaa E-mail-besodiyah@yahoo.com yookiin niguye2004@yahoo.com

23

You might also like