You are on page 1of 63

Ergama Duuka Bu’ummaa

Kutaa Tokko: - Ergama Duuka Bu’ummaa

1.1 Duuka Bu’aa fi Duuka Bu’ummaan Maali?


Jechi duuka bu’aa jedhu jecha Gi’iizii hore, deeme, jedhu irraa kan madde yoo ta’u, duuka
bu’aa jechuun kan ergame, kan filatamee fi kan Waaqayyoon waamame, tajaajilaaf kan
ariifatu, daandii qulqullootaa kan hordofe ergama duuka bu’ummaa gochaan/raawwatee kan
agarsiisu jechuudha.

Duuka bu’ummaan Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos “ Iyyerusaalemitti, Yihudaatti,


Samaariyaattis hanga daangaa lafaa hundatti ragaa taatu” /hojii 1:8/ jechuun bu’uura ajajeen
“deemaatii wangeela lallabaa” jecha waaqummaa jedhu hojiirra oolchuudha.

Ergama Duuka Bu’ummaa:- ergamaa fi kaayyoo hangafa mana kiristaanaati. Sababni isaas
Waaqni kan nama itti ta’e, dhiiga isaa kan itti lolaaseef manni kiristaanaa bulmaata Afuura
Qulqulluutiin kan itti hundeeffamteef waamicha fayyina dhala namaa isa bu’uuraati ijaa ta’eef
namoota akka fayyan taasisuufi Waaqayyoo waliin walitti araarsuuf wangeela missiraachoo
kiristoosiin ta’e dhageessisuu fi miseensa mana kiristaanaa taasisuu, warreen dhagahanis akka
jabaatan hordofuu, warreen badan barbaaduu fi deebisuuf kan taasifamu qabsuura deemsa
afuuraati. /mar.16:8,16-17, Yoh. 10:16, Maat. 28:19, Luq. 19:10/

 Kan dubartiin warra Samaariyaa raawwatte Yoh. 4:33


 Warri bittinnaa’an jechasaa lallabaa turuu isaanii Yoh. 8:4
 Aqiilaa fi Phirisqilaan gumaacha Aphuloosiif taasisan Hoji. 18:24

Kanneen hundi kan nutty agarsiisan duuka bu’ummaan sadarkaa mataa isaa yoo qabaatellee,
ergama kiristaana kamiiyyuu ta’uu isaati. “nama fuulduratti kan natty amane, anis samiitti abbaa
koo fuulduratti ittan amana; nama fuulduratti kan natti saalfate anis anis samiitti abbaa koo
fuulduratti ittan saalfadha.” Maat. 10:32 jechi Waaqummaa jedhu kiristaana hunda kan
ilaallatuudha.
Kunis kan raawwatamu sagalee Waaqayyoo waliin gahuuf iddoodhaa gara iddootti socho’uu,
dhaloota hin amanne gidduutti argamuu, iddoo itti dhalatanii fi jiraatan irraa adda bahuun, hojii
fi maatii jaalatan dhiisuun aarsaa yeroon gaafatu simachuun aarsaa kanfaluuniidha.

1.2 Seenaa Ergama Duuka Bu’ummaa Kitaaba Qulqulluu Keessatti

Jechi “duuka bu’aa” jedhu hojiin kan mul’ate Kakuu haaraa keessatti yoo ta’e illee, duuka
bu’ummaan (tajaajillii fi ergamni isaa) garuu dhufaatii kiristaanummaatiin duras akka ture afuura
Waaqayyoo kan ta’e kitaabni qulqulluun ni ibsa. Kan kakuu haaraa keessatti ifa bahe isuma
kakuu moofaa keessatti haala garaagaraatiin raawwatamaa tureedha ijaa ta’eef.

A. Kirastaanummaan Dura

Seenaa amantaa keessatti lallabaa jalqabaa jedhamuun kan beekamu Qulqulluu Gabri’eelii
ta’uun dhugaa beekamu yoo ta’e illee akka barumsa kitaaba qulqulluutti seenaa dhala namaa
keessatti duuka bu’aan (lallabaan) jalqabaa Waaqayyoon fuuldurratti qulqulluu kan ture Noh
dha. Saboonni bara isaa turan cubbuu isaanii irraa deebi’anii bishaan badii dhufuuf malu irraa
akka baraaraman gorsaatii ture. Duuka bu’aa qulqulluu Pheexiroosis “namoota biroo torba waliin
fayyina kan lallabu Nohiin fayyisee addunyaa cubbamootaa irratti jandoo badii itti roobe”
jechuun fakkeenyummaan caqaseera. /2Pheex. 2:5/

Israa’eel jedhamuun maqaa masootiin kan waamame (Isa. 44:5) Yaa’iqoobis maatii isaa fi isa
waliin kan turan hundaaf “kan isin waliin jiran waaqota keessummootaa gidduu keessanii
balleessaa, qulqulloota ta’aa, huccuu keessanis miiccaa, ka’aatii gara Beeteelitti haa baanu,
achittis bara rakkinaa koo kan na dhagaheef, iddoon deeme hundatti kan na waliin tureef ,
dararama irraa na baraaree kan yoonaan na gaheef Waaqayyoof iddoo aarsaa haa hojjannu”
jechuun amantaa alagaa qaamaa fi huccuu isaanii waliin ture kan warra Sooriyaa irraa dhaalan
ofirraa mulqanii akka gatanii fi kan gubatu akka gubatu, kan awwaalamus muka abdaarii
Seekeem gajjallaatti akka awwaalamu taasiseera. (Uma 35:1-5)

Uummatni Waaqayyoo Israa’eelis gabrummaa Misiraa jalaa akka bilisa bahan Museen gara
Israa’elitti ergamuun isaa, Iyyaasuun irraa fudhatee lafa waadaa galchuun isaa, Isaayyaas
“eenyun erga? Eenyutus gara ummata sanaa nuuf deema?” jedhamee ergamuun. (Isa. 6:8)
Kiristaanummaan dura namootni Waaqayyoon filataman hanga dhufaatii Kiristoositti jecha
Waaqayyoo suga isaas dheekkamsa isaas fudhachaa mul’ataa fi abjuun,Uriimnaa fi Tuumiim tti
ergaa dhufeef barsiisaniiru. Dhiyaatee kan gaafatuufis deebii laachuun dabtaraa oriitii irraa hanga
Mikuraabiitti ergama isaanii bahaniiru. /Luq. 2:46/

B. Jabana Kiristaanummaa

Jabana kiristaanummaa (bara kakuu haaraa) lallabaa jalaqabaa jedhamee kan waamamu
cuuphaa Qulqulluu Yohaannisidha. “mootummaan Waaqayyoo dhiyaateeraa gaabbii gala”
(Maat. 3:2) jechaa lallabaa fi cuuphaa ergama isaa raawwateera. Yoohannis Raajotaa fi abbaa
isaa Zakkaariyaas waliin raajiin kan dubbatameefidha. (Isa. 40:3, Luq. 1:36) Raajaa Milkiyaasis
qalbii abbootaa gara ijoolleetti, kan ijoollees gara abbootaatti deebisa” jechuun dubbateeraaf.
(Mil. 4:6)

Beektotni mana kiristaanaa keenyaas Yohaannisiin luba, duuka bu’aa, wareegamaa


moggaasa jedhu laataniiruuf. Qulqulluu Yaareedis faaruu (digguwaa) isaa keessatti irra
deddeebi’ee kaaseera.

Ergama duuka bu’ummaa wayita kaasnu dhagaa bu’uuraa kakuu moofaa fi kakuu haaraa kan
ta’e fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin fakkeenya taasifneetu fudhanna. Abbaa irraa ergamee
kan dhufe, bara oriitii kan turanis “harki kee meerre? Ifni kee hoo meerre?” jechuun gaaffii
gaafatan sirriitti kan deebisee fi ergama isaas fannoo irratti jaalalaan kan raawwateedhaati.

Kaayyoon bu’uuraa ergama Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos lamadha:

1. Dhala namaa bade barbaadee fayyisuu Luq. 19:10


2. Warra itti amanan hundaaf fakkeenya ta’uuf 1Pheex. 2:21, Yoh. 13:14

Bu’uuruma kanaan warreen du’aniif jireenya, dhukkubsatootaaf qoricha, beela’ootaaf


soorata, kan gaddaniif jajjabina fi tasgabbii, warreen salphataniif ol’aantummaa ta’uudhaan
ergama isaa wayita raawwatu gara abbaa isaa kan isa ergetti deebi’eera.

Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos booda:- Abbaan akkuma ana erge anis akkasuma isinan
erga (Yoh. 20:21) jechuun bu’uuruma dubbateen duuka bu’ootni qulqullaa’oon “akka hoolotaa
sardiidota gidduutti ergamaniiru(Mat. 10:16) Isaanis akka bofaa abshaala, akka guggee gara
laaftota ta’anii qabsuurota gara garaa raawwachuun duuka bu’ummaa isaanii wareegamuun
raawwataniiru.

Duuka bu’oota boodas barattoota isaanii kan turan duuka bu’ootni abbootaa miilaan kan
duuka bu’an, gochaan kan fakkaatan, dhugaa kan dubbatanii fi rageessan wareegamtoota,
abukaatoowwan mana kiristaanaa kaayyoon guddaan:-

 Naanna’anii barsiisuun
 Kitaabolee barreessuun
 Kitaabolee hiikuun
o Afaanirraa gara afaanitti
o Hiikkaa andimtaa tiin shoora irraa eegamu bahaniiru.
1.3 Bu’uurawwan Duuka Bu’ummaa

Duuka bu’ummaan ergama gatii hedduu qabuu fi kabaja argamsiisudha. Gatii kennisiisuu
kan danda’us duuka bu’ichi (ergamichi) ergama isaa qixa sirrii ta’een yoo raawwachuu danda’e
qofaa dha.

A. Amantaa Cimaa

Iddoo fi yeroo kamittuu, haalli tajaajilaa amanamaa ta’anii argamuu barbaachisa. Qunnamtiin
ergamichaa/duuka bu’ichaa/ Waaqayyoo fi nama waliinis ijaa ta’eef. Yeroo tajaajilaa, qorumsa
keessatti aarsaa kanfaluun kan waameef, uummata tajaajiluufi tajaajila isaaf, sammuu ofiitiifis
amanamuu qaba. Duuka bu’aa qulqulluu Phaawuloos “amantaa fi sammuu gaarii qabaadhu”
(Xim. 1:19) jechuun barataa isaa kan gorseef amantaadhaan jiraachuunii fi amantaa lallabuun
beekumsa malee amantaa hin ibsu ijaa ta’eefi.

Barreessaan seenaa tokko amantaa fi amantoota kan balleessu:-

1. Hoogganaa amantaa hacuucaa (waa’ee mana kiristaanaa dantaa kan hin qabne)
2. Lallabaa amantii fi jireenya hin qabne jechuun akka dubbate akka hin taane.

Duuka bu’aan kan itti amanu kan dubbatu, kan dubbate kan amanu ta’uu qaba. “akkuman
dubbadhen amana” akkuma jedhu.(Faar. 115:1) Duuka bu’aan Phaawuloosis “namni laphee
isaatii amanee fayya, afaaniinis dhugaa bahee fayya” jechuun kan dubbate (Room. 10:10)
Akka Qulqulluu Pheexiroos lapheen amanee afaaniin kan haalu/kaadu/, yeroo tokko
deeggartootni Aariyoos Awusaabiyoos inni Niqoomidiyaa faan akka godhan/raawwatan
afaaniin amananii lapheen haaluun akka hin jiraanne afaanii fi lapheen altokkotti amanuu
qabu.

Rakkoo guddaan lallabdootaa jabana kanaas dhugaa Waaqayyoo ergama mana kiristaanaa
dubbachuu dhabuu, jallisanii dubbachuu, waltajjiiwwan garaagaraa irratti lallabbiin jiraatus
tajaajilaan dhabamuu isaati.

Kanaafuu, lallabaan Waaqayyootti gonka kan amanu, jireenya mataa isaatiinis Waaqayyoon
naaf raawwata jechuun amanamuu fi deebii raawwatamu laachuu qaba.

B. Afuura Qulqulluun Hojjachuu

Deemsa duuka bu’ummaa duuka bu’aa Phaawuloos hunda keessatti kan hubannu dhugaan
afuura qulqulluun kan hojjatame ta’uu isaati. Afuura Waaqayyootiin kan hojjatan hundi
immoo ijoollee Waaqayyooti. Tajaajilli mana kiristaanaa afuurawaa fi kan samiiti. Hojichis
raawwatamuu kan qabu namoota afuurawaa ta’aniini. Kanaafi, gooftaa fi fayyisaan keenya
Iyyasuus Kiristoos:-

 Qulqulloota duuka bu’ootaaf afuura qulqulluu erguun Isaa Hoj. 2:15; Luq.24:54
 Barnaabaasii fi Saa’ol hojii itti waamamaniif kan filataman afuura qulqulluuni. Hoj.
13:3. Kana jechuunis:- hojiin duuka bu’ummaa kan afuura qulqulluu malee kan
namaa akka hin taane amanuu,
 Itti kabajamuu fi galateeffatamuu kan qabu Waaqayyoo Afuura Qulqulluu qofaa ta’uu
amanuu,
 Aangoon maallaqaa, namaa, gargaarsi saayinsii fi teekinooloojii yoo jiraatan illee
hojichi kan Waaqayyooti; kan hojjatamus hooggansaa fi gargaarsa Waaqayyoo
Afuura Qulqulluutiin ta’uu hubachuu barbaachisa. “anaan ala homaa gochuu hin
dandeessan” akkuma jedhe. (Yoh. 15:5)
Mana sagadaatti kennaa kadhachaa kan ture akkamitti akka fayye hooggantootni
lubootaa fi Jaarsonni ummataa yeroo qorannoo adeemsisan deebiin laatameef “isin
fanniftanii kan ajjeeftaniin, Waaqoyyooniis du’arraa kan kaaseen maqaa Iyyasuus
Kiristoos Isa Naazireetiin namni kun akka fayye fuuldura keessanis akka dhaabbate
dhugumaan beekaa” ( Hoj. 4:5-12) kan jedhu ture.
C. Afuurummaa (መን ፈ ሳ ዊ ነ ት )፡ -

Duuka bu’aa ergame tokko ergama isaatiif humna kan ta’uuf laphee guutuu fi aangoo
afuura qulqulluutiin ija jabinaan dubbachuu kan danda’u, uummatni/amantootni/ akka ta’an
waan barbaadu inni dursee yoo raawwachuu danda’e qofaadha. Kana jechuunis ibsa
eenyummaa afuurummaa kan ta’an iccitiiwwan qooddachuudha.

Jireenya afuurummaa keessatti rakkoo fi dadhabbii cimaan hojiiwwan afuurawaa


namoota afuurawaa hin taaneen hojjatamuu isaati. Manni kiristaanaa Itiyoophiyaa gaaraa
hanga dakaatti/jalaatti, guddaa hanga xiqqaatti, beekaa hanga daa’imaatti rakkoon qabdus
kanuma. Amma amma tajaajilaadhaan kan cimurra tajaajilaadhaan kan dogongoru/karaarratti
hafu baay’achuun hir’ina afuurummaati.

Qul. Phaawuloos kana ajajiitii barsiisi, jechaa fi jireenyaan, amantiinis jaalalaanis,


qulqullummaanis warreen amananiif fakkeenya ta’iitii…hangan dhufutti dubbisuu gorsuun
fi barsiisuu fi kadhannaan of eegi. Qulqulluu ta’uun kee hunda biratti akka baramuuf kana
dubbisi, kanaanis cimii jiraadhu. Egaan ofii keetii fi barumsa keetiif of eegi; kanneenis cimii
jiraadhu; kana yoo raawwatte ofii keetis warreen si dhagahanis ni fayyiftaati.(1Xim. 4:11-16)
jechuun Ximootiwoos kan gorse jireenyi afuurummaa isaa mana kiristaanaaf kitaaba
dubbifamu akka ta’uufi dha. …….. (2Qor.3:2)

D. Gadi of qabuu fi Miira Itti Gaafatamummaa

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos miila barattootasaa erga dhiqeen booda “waanan
siniif raawwadhe hubattanii? Isin barsiisaa keenyaa fi gooftaa keenya naan jettu; gaarii jettan;
ani akkasuma ijaan ta’eef, egaan ani barsiisaa fi gooftaa keessan yoon ta’u miila keessan
yoon isin dhiqe isis akkasuma miila obboloota keessanii dhiquu qabdu, ani akkuman isiniif
raawwadhe isinis akkanuma raawwadhaa” (Yoh. 13:12) jechuun barsiiseera. Duuka
bu’ootnis jechaa fi gochaan raawwataniiru. Tajaajila alaas ta’ee keessaa gadi of qabuun
raawwataniiru.
Gad of qabuu jechuun:-

 Gad of xiqqeessanii of ilaaluu fi fudhachuu,


 Ani tajaajila kanaaf gahaan turee? Jechuun of gaafachuu,
 Gad of qabuu Abrahaam, Daawit fi Phaawuloos ilaaluu,
 Karaa jireenya gad of qabuu abboota qulqullootaa hordofuu,
 Of kaadanii waa hundaan Kiristoosiin hordofuu (Maat. 16:26)
 Waadaa eebbifamummaa “Afuuraan hiyyeessa kan ta’an eebbifamoodha” (Maat.
5:31) qajeelfama taasifachuu fi eeguudha. (Yaa’iqoob 4:6)

Miira itti gaafatamummaa kan jennu:- amananii cuuphamuu fi miseensa mana


kiristaanaa ta’uun mirga malee dirqama miti. Jireenya kiristaanummaan jiraachuunii
fi tajaajiluun immoo dirqama kiristaanummaati. “yoon wangeela lallabuu baadha
wayyoo koo…idaan qaba” (Qor. 9:16) kan jedhu ba’aa itti gaafatamummaa baachuu
jechuudha.

Keessattuu, jabana kana gaheessotni Wangeela lallabuu fi Fannoo isaa baachuun itti
gaafatamummaan maatii Waaqayyoo keessatti argamuu namoota laphee hayyamamaa
qabanii fi dargaggoota inaaffaa mana kiristaanaa qabaniin, keessattuu barattoota
Yaa’ii Oddoo irratti hayyamaan fe’ameera ijaa ta’eef kana amananii fudhachuu fi
tajaajila kanaaf of qopheessanii dhiyeessuu gaafata.

1.4 Duuka Bu’aan Eenyu?

Kaayyoon Waaqayyoo yeroo hunda namoota irratti kaayyoo jaalalaa fi nageenyaa,


gammachuu, sugaa fi jireenyaa, gaarummaa fi qulqullummaati. (Mah. 4:2, Hiz. 18:32, Bahuu
30:15, Yoh. 3:16)

Kaayyoowwanii fi yaadotni kunneen jireenya namaa hunda keessatti akka raawwatamaniif


Waaqayyoon karaa tokkoonis ta’ee biroon namoota ni waama. Karaa waamichi Waaqayyoo ittiin
mul’ate keessaa muraasni:-

 Mul’ata
 Abjuu
 Karaa namaatiin
 Hojiin walqabatee
 Miira onnee kakaasuun
 Baruumsaan kakaasuun
Namoota waamaman:-
 Museen wayita hoolaa eegu (Deeb. 3:1-10)
 Daawit wayita hoolaa eegu (1Saam. 16:13)
 Eelsaa’in qonna irratti (1Moot. 19:19)
 Amoots wayita ija Arbuu funaanu (Amoots 1:1)
 Pheexiroos faan wayita Qurxummii kiyyeessan (Maat. 4:18)
 Qulqulluu Phaawuloos wayita kiristaanota baqachiisu (Hoj. 9:1)
 Baakoos /Abeelaak/ karaa irratti (Hoj. 8:26)
 Toomaas gara Hindii akka deemu karaa daladalaatiin
 Atinaatewoos tapha daa’imummaa irraa
 Fireemnaaxoos iddoo boojii utuu jiruu
 Amoobiroos bulchaa Miilaanoo ta’ee utuu jiruu
Ulaagaalee Waamichaa

Waaqayyoon waamichaaf ulaagaa kan taasisu:- beekumsa, qabeenya, aangoo, ykn sababa biroo
miti. (1Qor. 1:26)

 Gaarummaa laphee/onnee:- Daawit, Musee


 Inaaffaa afuurawaa:- inaaffaan mana keen a gube
 Kaka’uumsaa fi dharraa/hawwii
 Barsiisuun dirqama isaa ta’uu kan beeku
 Eessayyuu deemuuf qophaa’aa kan ta’e
 Kennaa garaagaraa kan qabu
 Waa hundarraayyuu bilisa kan ta’e
 Fannoo Isaa gammachuun kan baatu
1.3 Wantoota Duuka Bu’aan irraa of Eeguu Qabu

Tajaajilaan hojii duuka bu’ummaa kam irrattuu hirmaate Gooftaan akkuma dubbate “ibsaa tulluu
irra jiru” jechuudha. Jecha biraatiin “alaabaa kiristaanummaati”. Balleessaan amantootni
balleessanii fi inni balleessu namas ta’ee Waaqayyoon fuulduratti qixxee hin ilaalamu, hin
madaalamus. “tajaajilaan hayyama Gooftaa isaa beekee akka hayyama isaatti hin hojjannee fi hin
qophoofne adabbiin isaa baay’eedha” (Luq. 12:47) akkuma jedhame itti gaafatamummaa
fudhatee beekee kan balleessu hangi adabbii isaa cimaa ta’uu hubachuu barbaachisa. Waan
ta’eefuu qabxiileen irraa of eeguu qabu:-

1. Jajuu bu’aa hin qabne

Jajiinsi bu’aa hin qabne beekaniis ta’ee osoo hin beekin baay’ee isaanii teessoo kennaa isaa
irraa kan hongeesse, kaayyoo isaanii irraa kan maqse, kallattiisaanii kan dogoggorsiise, kiyyoo
sammuu gaarii fi gufuu cimaadha. Kanaafidha “waan ajajamtan wayita raawwattanitti nuti
garboota hin fayyadneedha, wanta raawwachuu qabnu raawwaneera jedhaa”(Luq. 17:10)
jechuun Gooftaan keenya barattoota isaa kan gorse.

 Jajuun hin malle ana malee namni hin jiru kan jechisiisu
 Ol of qabuu fi of tuulummaa kan hordofsiisu
 Takkaa qabannaan kan hin buqqaane hidda summaa’aadha.

Ergama keenya keessatti hojichi haguma fedhe illee kan milkaa’ee fi galma gahe yoo
taa’e illee nuti gadi of qabuu, Waaqayyoon immoo itti kabajamuu fi galateeffatamuu qaba.
Abbaan isaa Waaqayyoo ta’uu amanuu fi dhugaa bahuu, gatiin keenyas samii irraa harka
Waaqayyootii malee biyya lafaa, nama irraa eeguu hin qabnu.

 Fariisaanota fayyina irraa kan hongeesse


 Gatiin isaanii lafa irratti qofa ta’ee kan hafe
 Ofii isaanii qulqullaa’oo taasisuu isaanii fi kan hojjatan mul’achuuf qofa
ta’uusaati. (Luq. 18:9; Maat. 6:2-18)
 Cuuphaa Qulqulluu Yohaannis waa’ee eenyummaa isaa wayita gaafatametti
dhugaa ofii isaa dubbachuu hin barbaanne. Kaayyoon isaa ofii isaa barsiisuu osoo
hin taane Kiristoosiin ibsuu ture ijaa ta’eef. (Yoh. 1:19)
Karaawwan Jajuun hin malle ittiin dhufu:-

a. Jajuu hin malle fedhuu/barbaaduu


Duuka bu’aan keessa isaatti dinqisiifamuu, kabajamuu, jaalatamuu,
yaadamuu/barbaadamuu/ fi wantoota kana fiduu danda’an irra deddeebi’uun karaa
tokkoonis ta’ee karaa biroon (kallattiin ykn alkallattiin) yoo carraaqe.
b. Qaama Biroo irraa:- nama irraa dhugaanis dharaanis dinqisiifannaan dhufuu danda’a.
Si’a kanatti mormuu dhiisuu, inumaayyuu keessa isaatti gammaduu, ani nama akkanaati
jechuun of jajuu fi ofii iddoo ol’aanaa fi tilmaama guddaa laachuu.
2. Gosummaa:- manneen kiristaanotaa Qoronxoosii fi Filiiphisiyuus wanti jeeqan keessa
tokko gosummaadha. Mana Kiristaanaa Qoronxoositti:-
 Ani kan Phaawuloosi.
 Ani kan Keefaati.
 Ani kan Aphuloosi jechuun wal qoodinsatu ture.(2Qor. 3:1-12)

Mana kiristaanaa Filiiphiisiyuusitti immoo Qulqulluu Phaawuloos wayita hidhamee turetti


amantootni maallaqa walitti funaanuun harka Afroodiixuu tiin ergaa wayita gaafatan:-

 Gaarummaan kan lallaban


 Gaarummaan foonummaa kan lallaban
 Shakkummaa galchuuf kan lallaban
 Asiif achi jechuun oduu kan deddeebisanii fi dubbii dhaadhessuun mana kiristaanaa kan
jeeqan dubartoota lama Eewaadiyaana fi Siinxiikiin jedhamantu ture. Isaan kun ergama
duuka bu’ummaatiif gufuudha. (1Fili. 1:14-18, 4:2)
Gosummaan karaa garaagaraatiin ibsama:-
1. Gosummaa siyaasaa
2. Kan gosaa fi Afaanii
3. Naannoo itti dhalatan
4. Garee uumuun
3. Faayidaa Biyya Lafaaf Tajaajiluu
Jabana kana mana kiristaanaa daran kan qore, gariinis Uumaa itti amananii fi mana
kiristaanaa amanamanii fi isaan amante kaaduu irra darbanii cirracha kophee keessaa fi
qoraattii dhoqqee keessaa akka itti ta’an kan taasise fedhii faayidaati.

Gooftaan dursee “Waaqayyoo fi maallaqaaf bitamuu hin dandeessan” jechuun barsiisus


Yihudaan gooftaa isaa dabarsee akka kennu kan geessise maallaqadha. Seenaa mana
kiristaanaa keessatti maallaqaaf tajaajiluun “Siimooniizim” jedhama. (Hoj. 8:9-25)

Siimooniizimiin jabana kana:

 Jiruun dadhabaa ta’uu fi dhiibbaa jireenya hawaasummaa.


 Maallaqaaf jecha qofa tajaajiluu.
 Warra kanfaltii gaarii kanfalan qofa filatanii tajaajiluu /kan foonii fi lubbuu jechuun
hanga yaa’ii addaan qooduutti gahameera/dureeyyii qofa walitti qabuu.
 Tajaajila irraa maallaqaaf jecha hafuu.
 Dursa kennamuufii kan maluuf dursa kennuu dhabuu.
 Ijoollee gaabbii filatanii qabachuu.
 Haala qilleensaatti sababeeffachuu.

Kanaanis kennaan Waaqayyoo maallaqaan jijjiirameeraatii, iddoodhaa iddootti iyyatni


amantootaa ni dhagahama. Baay’een tajaajiltootaan saamamanii lammata yaa’ii hin qopheessinu
hanga jechuutti gahaniiru. Gocha gadhee akkasii kana irraa of eeguun gocha dursaa tajaajilaa
tokkoo ta’uu qaba. “Jireenya addunyaa kanaa irratti Kiristoosin abdii yoo taasifanne eenyuun
caalayyuu nuti ragoota dha.” /1Qor. 15:19/ akkuma jedhame.

4. Qormaata irraa of Eeguu

Qormaatni karaa garaa garaatiin dhufa. Qormaatni hundi cubbuu miti. Namni qoramus waan
qorameef qofa cubbamaa miti. Namni qormaataan cimu kan eebbifameedha kan jedhameefis
qixa kanaani. (Yaa’i. 1:12)

Qormootni eessaa dhufuu danda’a?

1. Ofirraa:- amalli dhuunfaa, ilaalchi dhuunfaa, dadhabbii fi nuffiin, jireenya afuuraan


bilchaachuu dhabuu, waan ta’e hundaan abdii kutachuu, gargaaraa dhabuu.
2. Abbootii taayitaa irraa:- abbootiin taayitaa tokko tokko ummatni kan isaan irratti baruu
fi irratti kaka’u fakkaatee yoo itti mul’ate , hojiin keenya ni gufata jedhanii waan
yaadaniif tajaajilaa fi tajaajila isaa irratti gufuu ta’uun isaanii hin oolu, ta’aa kan jirus
kanuma.

Kiristaanummaan erga hundooftee eegalee hanga jabana wareegamtootaatti wal’aansoon


ture sodaa Qeesaarota Roomaa ti. Barbadaa’uu Iyyerusaaleemiif sababa kan ta’e Yihudootni
Kiristoosiin fannisanii ajjeesuu isaanii fi raajiin Gooftaan dubbate akka raawwatuuf yoo ta’e
illee Qeesaarota Roomaatti kan mul’ate garuu “kiristaanummaan sochii siyaasa-amantii
haaraa itti fakkaateetu”.

3. Dhaadhessitoota irraa (ከ ወግ አ ጥባ ቂ ዎ ች )

Mormitootni Kiristoos isaan jalqabaa Fariisaanota, dursitoota lubootaa fi jaarsolii ummataa


turani. Bara keenyas iddoodhaa iddootti aadaa fi barmaatileedhaan kan hidhamanii fi hawaasa
biratti “namoota guguddoo” Iddirii fi waldaalee, hoogantoota gosaa fi aadaa ergama duuka
bu’ummaatiif gufuudha.

Iddoodhaa gara iddootti wayita sochoonu gaaffii fi yaada nu muudatan:

 Nuti kan baranne ijaa ta’eef barumsi nu hin barbaachisu.


 Lallaba kan jettan bar-fideedha.
 Wal kabajnee kan jiraanne nu qoqqooduufi.
 Dubartootni maaliif dibbee rukutu? Maaliif waltajjii irratti faarfatu?
 Akkamitti dargaggeessi foonii fi dhiiga gooftaa haa fudhatu jettuu? Fi kkf.

Ergamni duuka bu’ummaa seenaa kitaaba irratti eerame tokkoof guduunfaa ta’a. Magaalaa
baadiyyaa tokko keessatti dargaggeessi hojiif ramadamee deeme tokko yeroo gabaabaa keessatti
dargaggoota walitti qabuun barsiisaa ture. Yeroo kanatti akka carraa namootni umrii dheeraa
qaban sadi ni du’u. Kanarraa kan ka’e mormitootni(dhaadhessitootni) sababa argatu. Abbootiin
kun kan du’an “dubartootni waan dibbee rukutaniifi” jedhamee barsiisichi himatamee abbootii
taayitaatiin akka iddoo birootti darbu ta’eera nuun jedha.

4. Namoota Faayidaan isaanii jalaa tuqame (nu jalaa tuqama jedhanii yaadan) irraa
Fariisaanotni Seera Waaqayyoo fi Museetiin ala sammuu isaaniitii maddisiisanii faayidaalee
garagaraa argachuuf seera baasanii ummata irratti fe’aa turan. Gooftaan keenya Iyyasuus
Kiristoosis seera isaaniitiin isaan qeeqeera. (Mat. 15:3-9, Mat. 23:16) kanneenii fi sababoota
birootiin kan hin dubbatin dubbateera jechuun sobaan himataniiru, itti ragsiisaniiru, ummatas
goyyoomsuudhaan irratti kakaasaniiru, hanga fannoottis qaqqabsiisaniiru.

Bara baraan babal’achuun Wangeelaa, dhaabbachuun mana kiristaanaa fi kabajamuun seera,


ummatni barumsa Wangeelaatiin qaroomuun mortoota, hooggantoota aadaa, saamtota
meeshaalee mana kiristaanaa, namoota ummata goyyoomsaa fi waliin dhahaa turanii fi luboota
dabalatee qormaatni dhufuu danda’a.

Qulqulluu Phaawuloos deemsa duuka bu’ummaa isaa keessatti kan isa muudates kanuma ture.
(Hoj. 13:4-12, 16:19, 19:23-41)

5. Shakkitootaa fi Alagoota irraa

Kitaaba qulqulluu keessatti raajotaa fi duuka bu’oota, beektotaa fi barsiisota dhugaa


mormuun ummataa fi hoogantoota waliin walitti buusaa kan turan keessaas alaas shakkitootni
turan.

Fakkeenyaaf:- bara tajaajila Eeliyaas fi Miikiyaas (1Moot. 22:13)

- Shakkitoota (2Xiim. 2:17, Mul. 2:15)


- Bara beektotaa Ariyoosaanota.
- Bara kanas:- piroteestaantotni, Tahaaddisoon, alagootni qormaata garaa garaa fiduun
warreen duuka bu’ummaan bobba’an ni jeequ. Mana Kiristaanaa Qulqulleettii miidhu,
amantoota dadhabsiisu. Dhufaatiin isaanii ifattii fi dhoksaadhaani ijaa ta’eef qophaa’anii
eeguu barbaachisa. “ Seexanaaf karaa hin banin” Ef. 4:28
KUTAA LAMA

Mala Lallaba Ortodoksii 110

2.1 Lallabaa fi Seenaa Lallabaa


a. Lallaba:- jechi lallaba jedhu barsiise, labse, hime jecha Gi’iizii jedhu irraa kan
argamedha. Giriikiidhaan Keeriigimaa /kerygma/, Ingiliffaan /Sermonl/ jedhama. Hiika
walfakkaataa qaba. Barsiisuu, labsii himuu jechuun hiiku.
Ergamni guddaan mana kiristaanaa namoota amanuu dhabuurraa gara amanuutti
fiduu, kanneen amanan immoo amantii isaaniitiin cimsuudha. Lallabbiin tajaajila mana
kiristaanaa keessatti iddoo guddaa qaba. Hayyamnii fi yaadni Waaqayyoo, kaayyoo
gaariin nama irratti qabus gara laphee namaa kan gahu, amantaan kan ittiin babal’atuu fi
daddarbu meeshaa guddaan lallabaa fi lallaba qofaadha. “gowwummaa lallabbiitiin
warreen amanan fayyisuuf hayyama Waaqayyoo ta’eeraati”(1Qor. 1:21) akkuma jedhu.
Yaad-rimee kanarraa ka’uun lallabbiin:-
1. Kutaa Waaqeffannaati

Waaqayyoon Waaqa keenya waaqeffannuudha. Waaqeffachuun, amanuunii fi fayyuun


bu’uurri isaa dhagahuudha. Eenyummaa Waaqa waaqeffannuu dhagahuu, dhagahaniis
Waaqummaa isaa qixa sirriin hubachuun kan danda’amu lallabaani. (Rom.10:10-17)

2. Ajaja Waaqayyooti

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kaayyoo fi ajajni dhumaa barattoota isaa itti waame
lallabbiidha. (Maar.16:15) ummataaf akka lallabnuu fi jiraattotaa fi du’oota irratti murteessuuf
Waaqayyoon kan murtaa’e Isa ta’uu akka dhugaa baanuuf nu ajaje. (Hoj. 10:42)

3. Waa’ee Waaqayyoo Kan itti Dhugaa Baanuudha

Ragummaa jechuun dhugaa arganii fi dhagahan kanneen hin argin akka argan, kanneen hin
dhageenyes akka dhagahanii fi dhugaa kan ta’e akka mirkaneessan haala mijaawaa hundaan
ibsuudha. Cuuphaan Qulqulluu Yohaannis dhugaa kana rageera. Gooftaanis ragummaa isaa
barsiiseera. ?Yoh. 1:6, 1Yoh.1:1, Mat. 10:32)
4. Mootummaan Waaqayyoo kan ittiin ifa bahuudha

Mootummaan Waaqayyoo warra Waaqayyoon jaalatanii fi akka hayyama isaatti


jiraataniif kan qophooftedha. Mootummaan Waaqayyoos kan ifa baatu/lallabamtu/ lallabbii
qofaani. /Mar. 1:21/ Qulqulluu Phaawuloos “eenyumtuu osoo hin dhorkin waa’ee
mootummaa Waaqayyoo lallabaa waa’ee Gooftaa Iyyasuus Kiristoosis baay’isee barsiisaa
ture himameeraaf.” (hoj. 28:41)

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos barattoota isaatiin “dukkanaan kanan isinitti himu
ifatti dubbadhaa, gurratti kan dhageessan tulluu irratti lallabaa” jechuun ajajeera.

Bu’uura qabxiilee kanaatiin beekaan Faaler jedhamu lallabni iddoo saditti kan qoodame
hiika iccitii sadii of keessaa qaba jedheera.

1. Keeriigimaatiik:- alagoota hin amanne gara Waaqayyootti kan ittiin deebifnu


2. Diiyaakteek:- amantoota haaraa amantiin kan ittiin cimsinu
3. Piraakilootiik:- amantaa fi beekumsaan warra cimoo ta’an jireenya qulqullummaatiif
lallaba ittiin qaqqabsiifnu dha.
B. Seenaa Lallabaa

Lallabni seenaa mataa isaa qaba. Kitaaba Qulqulluu irraayis ta’een galmeewwan seenaa irraa
akka hubanutti lallabni jalqabaa fi guddina qaba.

1. Bara Addunyaa Ergamootaa:- Ergamoonni guyyaa jalqaba uumaman Ergamaa


Ergamootaa kan ture Saaxinaa’eel kaayyoo silaa itti uumameef dagachuun kaaduu fi
sobuu ofirraa maddisiisuun “anatu isin uume” wayita jedhutti, Qulqulluu Gabri’eeliin
“Waaqni nu uume hanga nutty mul’atutti bakkuma jirrutti haa turru” jechuun Ergamoota
jajjabeesseera, tasgabbeesseera. Lallaba jechuun “jajjabeessuu, tasgabbeessuu”
jechuudhaati.( Fkn. 1:35,Isa. 40:1)
Qulqulluu Gabri’eeliin sammuu uumamaan laatameefitti fayyadamuun tajaajila
jajjabeessuu fi tasgabbeessuu erga raawwac huu isaarraa kan ka’e kabaja”
“ jedhu argateera. Moggaafni “maggaabee Haaddis
/sooraa kakuu haaraa/ jedhus kan jalqabu asumaayi. Saaxinaa’eel kaadinsa burqisiisee
wayita dubbatu Qulqulluu Gabri’eeliin yaada haaraa burqisiisee dubbateeraati.
2. Seera laphee:-
Seera laphee kan jennu bara abbootaa Addaamii hanga Musee jirudha. Bara kana Henook
cubbamtootni cubbuu isaaniirraa akka deebi’an, Noohis bishaan badii dhufuuf jiru irraa
akka baraaraman, Abrahaam ummatni dachee Ur xaa’ootii waaqeffachuuraa
Waaqayyoon waaqeffachuutti akka deebi’an lallabaniiru. Yihuda 14, 2Pheex. 2:5,
Kufaalee 11:14.
3. Bara Kakuu Moofaa
Musee irraa eegalee hanga Cuuphaa Waaqayyoo qulqulluu Yohaannis barri jiru bara
kakuu moofaa jedhama. Barri kana tajaajilli lallabbii kan itti guddate, kitaaban akka ta’e
ni hubanna. Raajotni “Waaqayyo akkana jedha” jechaa jechaanis kitaabaanis lallabaniiru.
Tajaajilichis raajii hedduun kan deeggarame ture. Ummatni Israa’eel garbummaa Warra
Misiraa jalaa kan bilisooman lallabbiidhaani.
Hooggansa Iyyaasuutiin Yordaanoos kan ce’an, Kana’aaniin kan dhaalan
lallabbiidhaani. Bara Nahimiyaa fi Izraa dubbisuun, hiikuun tajaajilli cimee ture.
booji’amtootni Baabiloon gara biyya isaaniitti kan deebi’an lallabbiidhaani. (Nahi. 8:1-8)
4. Bara Wangeelaa
Bara Wangeelaa kan jennu bara kakuu haaraati. Karra bara Wangeelaa kan saaqee fi
lallabaa karaa qulqulleessaan cuuphaa Waaqayyoo Qulqulluu Yohaannisidha. Tajaajilli
wareegamummaa Yohaannis bara kakuu haaraatti akka lakkaa’amu kan rageef Gooftaa
keenya Iyyasuus Kiristoosidha. (Mat. 23:35) mootummaan Waaqayyoo dhiyaateeraa
gaabbii gala jechaa Kiristoosii fi kiristaanummaa kan beeksise Yohaannisi dha. (mat. 3:2)
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos baadiyyatti, tulluu irratti, qarqara galaanaatti, mana
cidhaa fi boo’ichaatti, karaa hunda irratti iddoodhaa iddootti socho’uun “Waangeela
mootummaa Waaqayyoo lallabaa, barri isaa raawwateera, mootummaan Waaqyyoos
dhiyaateeraatii, gaabbii gala Wangeelattis amanaa jechaa gara Galiilaatti dhufe,
Iyyasuusis mana sagada (mikuraabii) isaaniitii barsiisaa Wangeela mootummaas
lallabaa… Magaalotaa fi mandaroota hunda keessa naanna’aa ture” jedhamee akkuma
himame gidduu-gala tokko Mikuraabiitti (mana sagadaatti) tajaajila kennamaa ture haala
caalmaatiin iddoo garaagaraatti babal’iseera. Ol bahuu isaa boodas Duuka bu’oonni
qulqullaa’oon keessattuu jecha waadaa isaa erga fudhatanii booda:-
 Dachee Yihudootaatti
 Manneen Xaa’otiitti
 Waltajjii falaasamaatti
 Mana boo’ichaatti dararamaa lallabaniiru.

Duuka bu’ootaan boodas hordoftootni isaanii Duuka bu’ootni Abbootaa, bara Wareegamtootaa,
bara beektotaas lallabbiin wangeelaa:-

 Jechaan
 Barreeffamaan
 Hojii hiikkaatiin
 Raajiiwwan ajaa’ibsiisoon
 Jireenya jaalalaa fi tokkummaa kiristaanotaatiin
 Dararamoota garaagaraatiin babal’achuu danda’eera.

Lallaba Wangeelaa Itiyoophiyaatti

Kiristaanummaan gara Itiyoophiyaa kan seene karaa Jaandarabichaatiin akka ta’e dhugaa
beekamaadha. Jaandarabichi amanee fi cuuphamee Itiyoophiyaatti erga deebi’een booda
missiraachoo kiristaanummaa Itiyoophiyaa dhageessiseera.

Kana jechuun garuu, kiristaanummaan dura sirni waaqeffannaa bara Kakuu Moofaa gara
Itiyoophiyaa seenuu fi sirni waaqeffannaa oriitii babal’atee akka ture utuu hin dagatini. Hanga
har’aattis kanaaf ragaa kan ta’an ragootni afuurawaan Kitaaba Qulqulluun alayyuu dhugaa
beekamaadha.

Jaandarabichi Baakoos bara 35 misiraachoo wangeelaa seensise kan qabsiisee fi gara


biyyoolessummaatti kan ol siqse , qabiyyee hog-barruu, boca qubee sadarkaa amma irra jiruun
akka tajaajila kennu kan taasise mootota waliin ta’uun Qulqulluu Fireemnaaxoosi. Hanga
ka’uumsa Yoodiititti moototni, Qulqullooni salgan, Qulqulluu Yaareed kitaabolee hiikuun
lallabni wangeelaa fi jireenya gadaamummaa akka babal’atu taasisaniiru.

Ka’aatii Yoodiit booda tajaajilli Wangeelaa dimimmisaa’ee ture kan ka’uumsa argate
bara warqii jedhamuun kan beekamu jaarraa 11ffaa hanga 14ffaa bara jiru keessadha. Bara
kana:-
 Sababa Yoodiitiin gara amantaa dhabuutti deemee kan ture gara
kiristaanummaatti deebi’eera
 Kitaabolee hedduun barraa’aniiru
 Gadaamotni hedduun hundeeffamaniiru.
 Sirni monoksummaa babal’ateera
 Manneen barnoota amantaa banamanii gidduu gala lallaba wangeelaa ta’anii
tajaajilaniiru.
 Qulqullootni fi beektotni hedduun bara itti argamaniidha.
 Hiikkaan kitaabotaa raawwatameera.
 Hojiwwaan ajaa’ibsiifamoon Qulqulluu Laallibalaa bu’aa bara kanaati.
Ka’uumsa Giraanyii hanga Kufaatii Dargii

Ka’uumsi Giraany Mahaammad lallaba wangeelaaf, dadhabuu kiristaanummaaf sababa


guddaadha. Bara kana Yoodii boodas badii weerara Mahaadistootaa, Ingilizootaa fi
Xaaliyaanotaa waliin wal dorgomsiifamuu hin dandeenye mana kiristaanaa fi biyyittii irraan
gaheera. Hafteewwan isaas waggoota 500 ce’anii hanga har’aatti dhiibbaa geessisaa jiru.

Fakkeenyaaf:-

 Musiliimnii fi kiristaanni wal fuudhuu


 Sadarkaan ogummaa mana lubummaa (beete kihinetii) gadi bu’uu
 Aadaan alagootaa (warra hin amannee) walmakuu
 Abbaa gaabbii malee jiraachuu
 Gorsaa lubaa fi iccitii takliiliitiin ala gaa’ela raawwachuu
 Haadha manaa hedduu fuudhuu, sanyoo/abbeeraa qabachuu
 Iddoowwanii fi namootni hanga har’aatti maqaa Islaamaatiin waamamuu

Waggoota 15 Giraany irraa?

 Kaatolikoonni
 Bara moototaa (zemene mesafint)
 Shakkitootni bal’inaan gara biyya keenyaa seenuu isaanii
 Weerara Xaaliyaanii fi rakkoo qaqqabsiise
 Falaasamni mootummaa Dargii lallaba wangeelaaf gufuu hedduu turan.

Har’as alaas keessaas qaamoleen tokko tokko sochii lallaba wangeelaa irratti gufuu guddaa
ta’aniiru.

3. Lallabaaf maaltu barbaachisa?

Raajotni gara ummataatti ergamuun dura dhimma deemaniif abjuudhaan, mul’ataan karaa
garaagaraatiin itti mul’atee Waaqayyoon isaan dubbisee ergama isaanii raawwatu ture.

Duuka bu’ootnis gara addunyaatti misiraachoo wangeelaa fuudhanii deemuun dura waggoota
sadiif barataniiru. Kan hin galleef gaafachuun, kan dagatanis yaadachiisaa barumsaa fi
raajiidhaan ragoota argataniiru; dararama isaan muudatus dursee itti himuun ergeera. (Maat.
10:16, Yoh. 16:1)

Lallabaan tokkos tajaajila lallabaa eegaluun dura haal-dureewwan guutuutu irraa eegama:-

A.Barumsa:- Yohaannis barattoota isaa akkuma barsiiseen “akka kadhannuuf nu barsiisi”


jedhanii warra gaafataniif (Luq. 11:1) deebiin laatameef kadhaa yeroo hundaa “Yaa abbaa
keenya hoo Samii keessa kan jiraattu …”kan jedhu ture.

Kana jechuunis, lallabaan karaa hundaanuu jecha Waaqayyoo kan barate, barachuuf kan
qophaa’e, ta’uu qaba. “qaruurri yoo hin guutne hin dhangala’u” akkuma jedhamu lallabaan waan
guutuu ta’e yoo hin qabaanne laphee amantootaa quubsuu hin danda’u. Innis wanti dubbatu jalaa
bada.

Kanaafuu, barsiisota biroo irraa, kitaabolee qulqullaa’oo irraa, haalota muudatan irraa
barachuu qaba.

Yohaannis Afaanwarqii“………………………………………………………” jedheera.


Seenaa mana kiristaanaa irraa akka hubanutti Abbaajaroom bara barsiistotni hin jirretti kan ture
yoo ta’e illee dubbisuudhaan garuu abukaatoo mana kiristaanaa ta’uu danda’eera. Jabana kanas
dubbisuu fi gaafachuun qofa “isin’ lallabdootni jedhaman hedduudha.

Barsiisota gosa shantu jira:-

1. Mana yaa’ii kan oolanii baratan


2. Kollejjii irraa kan eebbifaman
3. Dhaabbilee leenjiitti kan leenji’an
4. Manneen Sanbataa fi Yaa’ii Oddootti koorsiiwwan kan fudhatan
5. Kennaa Waaqayyootiin duwwaa irraa kan ka’an.

Kunneen hundi qophaa’uu qabu. Qophiin isaaniis:-

 Kan xiinsammuu
 Kan gochaa ta’uu qaba.

B/ Jireenya Kiristaanummaa

“………………………………………………………………………….” (Xim.3:5) akkuma


jedhame lallabaan ummata Waaqayyoo kan tajaajilu, wangeela Kiristoos lallabe kan dubbatu,
waltajjii lallabaa Abbootni irra dhaabbatan irra kan dhaabbatuu fi amantoota gara
Waaqayyootti kan waamu, amantaa sirrii kan qabu, amalli isaa kan sirrate ta’uu qaba.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos akka dubbatetti, lallabaan:-

 Ashaboo/soogidda mi’aawu
 Ibsaa ifu
 Foolii gaarii kan qabu ta’uu qaba.

Beekumsa caalaa gochi ni lallabaati. Waltajjii irratti lallaba nama ajaa’ibsiisuu fi dinqu lallabaa,
waltajjii duubatti, cubbuu namni kamuu hin raawwanne /sodaatu/ kan raawwatu, jireenya
kiristaanummaa gad aanaa kan jiraatu yoo ta’e innis barumsi isaas ni tuffatama. Lallabaan
jireenya kiristaanummaatiin jiraatee jiraadhaatii akka koo ta’aa kan jedhu waan ta’eef /1Qor.
11:1/ waa hundaanuu fakkeenya ta’uu qaba:-

 Arrabni isaa kan of qusatuu fi harki isaa qulqulluu kan ta’e.


 Soommanaa fi kadhannaadhaan kan beekamu
 Iddoon ooluu fi bulu kan murtaa’ee fi beekamu
 Eenyummaan hiriyoota isaa kan beekamu
 Jireenya qulqullummaatiin kan ragameef
 Jaalalaa fi gad of qabuun kan beekamu
 Wanta gadhee hunda kan tuffate
 Obsa kan qabu, of qusataa fi hubataa kan jedhame
 Iccitiiwwan irratti kan hirmaatu
 Naannummaa/gosummaa irra kan adda ta’e
 Dhiphummaa irraa kan adda ta’e.
 Kanneen raawwachuun (Faar. 14:1-5, maat. 5:12-16) qajeelfama ofii ni taasifata.

Faallaa kanaatii yoo hireere immoo “sababa keessaniin maqaan Waaqayyoo ni abaarama
/arrabsama” jedhamee mallattoo arrabaa fi abaarsaa ta’a. (Rom. 2:21-24)

C. Fakkeenya Lubummaa

Akkuma Qulqulluun Yaareed jedhe “……………………………………………………………...


……… ………………………………….” lafa itti argamnetti ummata waamamne (1Qor.15:45)
Waaqayyoon nu hin dhiifne.

Lubummaan kennaa tajaajilaa Waaqayyoorraa kennamedha.

Abbootiin seera lapheetiin turan arajummaa Waaqayyoon lubummaa simatanii aarsaa kanfalaa,
kurnee simataa turan.(Uma 14:17)

Yeroo Seerri Oriitii hundeeffamtus gosa Lewii keessaa kan ture Aaroon luba ta’ee muudameera.
Innii fi ijoolleen isaas fakkeenya mana kiristaanaa kan taatee Dabtaraa Oriitii keessatti tajaajila
isaanii raawwataniiru. (Deebii 28:1-30, Ibr. 9:1)

Fakkeenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan ta’e Malkatseediiq bara Haaraatti lubummaa
dhugaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos hundeesseef seenaadha. (Ibr. 7:20) Bara manni
kiristaanaa jalbultii hundeeffamaa irra turtetti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dursee kan
hojjate barattoota isaaf aangoo lubummaa kennuun ture. (Yoh. 20:23)

Yeroo duuka bu’ootni tajaajiluudhaaf bobba’an iddoodhaa iddootti lubootaa fi diyaaqonoota


muudaa tajaajilicha sadarkaa ol’aanaarraan gahaniiru. (Hoj. 6:1-6, 20:28). Angoon lubummaa
babl’achuu wangeelaatiif iddoo guddaa qaba.

Mana kiristaana Itiyoophiyaatti seenaan lallaba Wangeelaa kan jalqabe Jaandarabichaan yoo ta’e
illee guutummaadhaan kan raawwatameefi gochaan guddina kan agarsiise tajaajila lubummaa
Fireemnaaxoos boodadha. Isaan dura tajaajilli lubummaa waan hin turreef kiristaanummaan erga
galee bara 35 hanga 330 tti seenaan kiristaanummaa dimimmisaa ture, tajaajilli lubummaas hin
turre.

Hojiin (tajaajilli) guddaan lubootaa:-

 Lallabuu(barsiisuu)
 Amansiisuu fi cuuphuu
 Iccitii irratti hirmaachisuu
 Iccitii raawwachuu
 Eeguu fi hordofuu dha.

Namni lallaba wangeelaa irratti hirmaate tajaajila lubummaa qabaachuu qaba. Kanneen barsiise
cuuphuudhaaf, kan cuuphe sirna galateeffannaa (qiddaasee) irratti hirmaatee akka foonii fi dhiiga
isaa fudhachiisuuf, abbaa gaabbii ta’uun akka isaan tajaajiluuf.

Bara kakuu moofaas ta’ee haaraa tajaajila lallabaa raawwachaa kan turan lubootadha. Moototni
hunduu luboota turan. Biyya keenya Itiyoophiyaattis moototni luboota turan. Qulqullootni duuka
bu’ootnii fi hordoftoorni isaanii abbootni duuka bu’ootaa fi beektotni hunduu luboota turan.

Lubummaan tajaajila mana kiristaanaa waliigalaatiif chaappaa fi mallattoodha. Lafaa fi


samiirratti ol’aanaa fi addadha.

Rakkoo Gudaan Mana Kiristaanaa Itiyoophiyaa keessa jiru:-

 Fakkeenya lubummaa kan qabu ta’ee kan hin lallabne


 Lallabaan gara mana kiristaanaa seenee tajaajila lubummaa kan hin kennine ta’uu
Sababa kanaanis:-
 Lubootaa fi lallabdoota
 Amantootaa fi luboota
 Amantootaa fi lallabdoota gidduutti wal tuffachuun, waliigaluu dhabuun,
walshakkuun, wal hubachuu dahabuun ni mul’ata.

Amma amma Manni kiristaanaa:-


 Luba ta’ee kan ta’ee kan hin lallabne
 Kan lallabus lubummaa kan hin qabne yoo ta’e
 ‘Marigeetaanis’ lubummaa kan hin qabnee fi kan hin lallabne yoo ta’u sadarkaa hin
barbaanne irra geessee jirti. Dhiyeenya kanas fakkeenya lubummaa kan hin qabne
xalayaan akka hin lallabne jedhu barreessitee jirti. Kunis baay’ee barbaachisaadha. Mana
kiristaanaa weerartoota irraa ni baraaraati.

Hirmaatotni leenjii kanaas:-

 Diyaaqonootni diqqunnaa isaanii gara lubummaatti guddisuu


 Kan homaa hin qabne yoo carraa arganne diqqunnaa fudhachuu nu barbaachisa.

Har’a har’a mana kiristaanaa naannoo daangaa fi biyya alaatti cufaman banuudhaan, waldaalee
xoofoo hundeessuun, manni kiristaanaa haaraan akka ijaaramu taasisuun, lallaba wangeelaa
qooqa garaagaraatiin babal’isaa kan jiran barattoota yaa’ii oddooti. Gochi gaariin kun caalmaatti
cimee manni kiristaanaa addunyaawaa akka taatu:-

Lallabootni luba, lubootnis lallabdoota utuu ta’anii:-

1. Amantoota irratti hir’inni naamusaa hin mul’atu


2. Amantootni shakkitootaa fi alagootaan hin fudhataman
3. Aadaa fi barmaatileen gaarii hin taane kiristaanummmaa waliin wal hin maku.
4. Lallabaa, luba jedhamaa qisaasa’uun humna namaa fi rakkoon/qisaasa’uun/ maallaqaa
hin uumamu ture.
5. Hir’inni tajaajiltootaa fi cuuphtotaa hin muudatu ture. (cuuphamtoota haaraa cuuphuuf.)
6. Lubni yaa’ii kadhannaan jalqabsiisuu fi raawwachiisu hin dhabamu ture.
D. Of Lallabuu Dhabuu:- Ilmi Waaqayyo Abbaa fi Afuura Qulqulluu waliin aangoon,
hayyamaan, jireenyaan, amalaan tokko (walqixa) yoo ta’e illee sababa foon uffateen
Abbaa irraa kan ergamee fi Abbaaf kan ajajameedha. “hayyama isa na ergee malee
hayyama koo raawwachuu hin fedhuutii’ jechuun akkuma dubbate. (Yoh. 5:30)

Cuuphaa Waaqayyoo Yohaannisis “waa’ee kee maal jetta?” jedhanii warra gaafataniif
deebiin laate “sagalee nama karaa Waaqayyoo soroorsaa jedhee lafa onaatti iyyu anadha.”
qofaa jedheen. (Yoh. 1:23) Yohaannis hayyama Waaqayyoo malee seenaa dhugaa ofii isaa
kan beeku illee dubbachuu hin feene.

Duuka bu’aa Yohaannisis odola Fiximootti hidhameera. Sababnii fi iddoon itti hidhames
akka mana yaa’ii Roomaatti cimaa ture. Haa ta’u malee, “waa’ee sagalee Waaqayyoo fi
ragaa Iyyasuus Kiristoosiif jecha odola Fiximoo jedhamun ture” qofa jechuuni mul’ata isaa
kan barreesse. (mul. 1:19)

 Wangeela mootummaa Waaqayyoo kan lallabu


 Duuka bu’ootni kan lallabanii fi qabsuuraniif
 Beektotni kan hiikanii fi icciteessan
 Wareegamtootni aarsaawwan garaagaraa kan kanfalaniif, Kiristoos, lallabaan lallabu
waa’ee ofii dubbachuu hin qabu.

Bara kana namootni amantaa, beekumsa, jireenyaa fi kaayyoo lallabaa hin qabne waltajjii
fayyinaa Mana Kiristaana Kiristoos irra dhaabbatanii missiraachoo wangeela isaa, jireenya
qabsuura qulqullootaa dhagahuuf, cubbuu ofii haqsiifachuu fi Waaqayyoo isaa waliin
walqunnamuuf ummata dhufe iyya mataa isaanii gatii hin qabne itti iyyuu isaanii dhagahuun
keenya baramaa dhufeera. Iyya gatii hin qabne kanaanis barachaa yeroo mara dhugaa kan hin
beekne ummatni gaariin kun miira laafaan isaaniin ni hordofa.

Lallabaan dinqisiifatanii fi maal hojjadhu jedhanii gaafatan garaagarummaa qabaatii


lallabaan of lallabuurraa bilisa ta’uutu irraa eegama.

“namootni baay’een gaarummaa ofii isaanii ni odeessu, nama amanamaa garuu eenyuutu
aragata?” (Fkn 20:6)

“kan Waaqayyo erga sagalee Waaqayyoo dubbataati” (Yoh. 3:34)

“lapheen koo waan gaarii maddisiise/baase/ Daawit, Hiriyaaqoos”

“nuti garuu Kiristoos isa fannifame lallabna” (1Qor. 1:23) akka jedhame.

E. Hariiroo Lallabamaa fi Dhageeffataa:- adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti xiin-


sammuu lallabamtootaa beekuun babal’achuu fi bu’a qabeessummaa lallaba
wangeelaatiif gumaacha ol’aanaa qaba. Gooftaan keenya wayita dachee kanarra turetti
malli itti fayyadame waan lapheen dhageeffattootaa barbaadan gadi fageenyaan hubachuu
ture.
 Gaafachuu akka barbaadan baruu fi hubachuu
 Fayyuu akka jaalatan baruu, gaafatanii hubachuu
 Akka beela’anii fi nyaata isaan barbaachisu hubachuu
 Qoruuf akka gaafatan baruu fi kkf. Tokkoon tokkoo isaaniitiifis akkuma fedhii isaatti
raawwateeraaf.
Wayita eenyummaa ummataa jennu jireenya hawaasummaa fi aadaa isaanii, xiin sammuu
isaanii fi eenyummaa namtichaa hubachuu jechuudha.

Faayidaan lallabamaa ykn dhageeffataa baruu:-

1. Gosa barnootichaa filachuuf


2. Qabiyyee barumsichaa murteessuuf
3. Hanga barumsichaa murteessuuf
4. Yeroo barumsichaa murteessuuf
5. Dhiyeessa barumsichaa murteessuuf
6. Mala ittiin barsiifnu filachuuf
7. Komachuu fi jajuu irraa of qusachuuf
8. Jijjiiramni barbaadame akka dhufu taasisuuf
9. Eebbisuu fi qeequu irraa of eeguuf
10. Murteessuurraa hafuuf
11. Dhageeffataan qeeqamuurraa of baraaruuf

F.Yeroo Lallabaa:- lallabaan lallaba isaa bu’qabeessa taasisuuf yeroon murteessuun dirqama.
Yeroo itti fayyadamu murteessee kabajuu fi hojiirra oolchuu. Yeroon yoo dheerate lallabni isaa
dheeraa fi nuffisiisaa ta’uu mala.

Amantootni dadhabuu, nuffuu, odeessuu, muguu fi dhiisanii deemuu barbaadu. Yeroon lallabaa
yoo gabaabbates ergaan barbaadamu hin darbu, dhageeffattootnis ni jeeqamu, gaaffiinis itti
uumama. Barsiisichi beekumsa/fedhii/ akka hin qabneetti fudhatamuu danda’a. Yeroo lallabaa
akkuma haala isaatti murteessuuf:-
1. Iddoo barumsichi itti laatamu:- qorraa, ho’aa, roobni itti baay’atu, rooba yeroo isaa malee
roobu
2. Barumsichi kan laatamu dirree irratti, mana kiristaanaatti, galmatti
3. Barumsichi kan laatamu ganama, guyyaa galgala
4. Yeroo mijataa iddoo sanatti barame
5. Ummatni yeroo hangamiif turuu danda’a?
6. Dhiibbaalee biroo naannoo sana jiran:-
 Kan alagaa
 Kan shakkitootaa
 Kan siyaasaa
 Ilaalcha hawaasichaa. Kunneen hundi hubannoo keessa galuu qabu.

Yeroo kabajuun akkamitti danda’ama?

1. Yeroo murteessuun qaama dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun eegaluu


2. Sa’aatii ofii yeroo murtaa’ee keessatti ilaaluu
3. Sa’aatii ilaaluun guduunfaa deemuu
4. Wanti tasa muudatu yoo jiraate addaan kutuu.

G. Mata-duree Eeguu

Lallabni yoo mata dureen hin eegamne bu’a qabeessa hin ta’u, amantootni waan qalbeeffatan hin
qabaatan, lallabaan sunis taajjabbiif saaxilama. Mata duree eeguun barnootni laatamu qajeelaa fi
kan wal hin dhoofna taasisa.

Fakkeenyaaf:-waa’ee iccitii Sadummaa/Sillaasee eegalee waa’ee soommanaa

 Waa’ee qulqulluu qurbaanaa eegalee waa’ee fakkii


 Waa’ee Waaqa Amalummaa kiristoos eegalee waa’ee Taabotaa…kan jedhu yoo
ta’e “afurtamii jaha korsiiftee…tokkollee jalaa gubate” akka jedhame ta’a. Yeroo
fi mataduree eeguun/kabajuun eenyummaa lallabaa tokkooti.
2.3 Gosoota Lallabaa

Gosa lallabaa kan jedhamu sadidha:-


1. Barumsa:-
 Beekumsa irratti kan hundaa’e,
 Walitti fufiinsa kan qabu
 Ragaan kan deeggarame
 Ibsuu, hiikuu, icciteessuu kan gaafatu
2. Lallaba Barumsawaa:-
 Walitti qabuun kan laatamu
 Ka’uumsi barumsa, iddoon gahamu lallaba kan ta’e
 Raga laachuun nama gara Waaqa isaatti kan dhiyeessu
 Al tokkotti beekumsaa fi jireenya kan laachisu
3. Lallaba:-
 Haala ifa ta’een kan dhiyaatu
 Ibsuu fi agarsiisuu irratti kan xiyyeeffatu
 Laphee fi sammuu namaa booji’uu fi bituu kan danda’u
 Fedhii isaa waliigalaa kan to’atu
 Amantootni cubbuu raawwataniif gaabbanii akka gaabbii galan kan taasisu
 Dheekkamsa, tolaa fi jaalala Waaqayyoo al tokkotti kan agarsiisu.
2.4 Dhiyeessa Barumsaa
2.4.1 Seenaa
Barumsi seenaan walqabatu haala lamaan dhiyaachuu danda’a.
a. Seenaa:-malli kun yeroo baay’ee guyyoota ayyaanaa kan ittiin barsiifnudha.
Guyyaa ayyaanotaa, qabsuurri fi dirsaanni ni dubbifama, ni seeneffama.
Lallabichii fi iddoon lallabaa kan Mana Kiristaana Ortodoksii ta’uurraan kan ka’e
kanneen dursanii dubbisuun amantoota barsiisuu barbaachisa.

Lallabaan haala nama hin nuffisiifnee fi salphaa ta’een yeroo madaalee


mata duree filatee amantootni seenicharraa ka’anii jireenya ofii isaanii irratti akka
jijjiirama fidan guduunfaa isaa lallaba taasisee xumuruu qaba.

b. Seenessuu:- kuni mala durii kan jedhamuudha. Malli kun afoolawwan,


mammaaksota, taphoota garaagaraa hammata. Gaggabaabaa ta’uu dabalatee waan
tokko sirriitti mul’isuuf humna waan qabaniif hawaasni baay’ee jaalata.
Lallabaan akkuma aadaa hawaasichaatti fakkeenyota gaarii fi oduuwwan
durii/mammaaksota utuu baay’isee sassaabee gaariidha. Gooftaan keenya
Iyyasuus Kiristoos ummata isaa fakkeenya, jechama, afoola, aadaa fi barmaatilee
eeruun akka barsiise Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. “duumessi dhihaaan gaafa
dhufu yoo argitan yeroosuma roobni ni dhufa jettu, akkanas ni ta’a, Azeebittis yoo
bubbise ho’a ta’a jettu ni ta’as” (Luq. 12:54) jechuun.

2.4.2 Dubbii Amantaa (Dogmatic)

Lallaboota hunda keessaa cimaa kan jedhamu dha. Barumsa kana barsiisuuf lallabaan kanneen
armaan gadii hubachuutu irraa eegama.

a. Qabxii tokko qofa irratti xiyyeeffachuu


Fkn:- waa’ee jiraachuu Waaqayyoo, Iccitii Sillaasee
b. Haala gaariin ibsuu:- qabxii barsiisuu barbaade sirriitti ibsuu qaba.
Malootni ittiin ibsus:-
1. Fakkeenyota kaasuun:- Iccitii Sillaasee barsiisuu yoo barbaade Biiftuun, Ibiddaan,
namaan fakkeessee barsiisuu
2. Waa’ee araarsitummaa Haadha Keenyaa:- Seenaa Balaa’eesab yaadachiisuun
3. Barumsichaaf caqasa barbaachisan eeruu
4. Jecha beektotaatti fayyadamuu.

Abbootiin keenya tokkoon tokkoo mata duree irratti karaa ittiin barsiisan, jecha ittiin
ibsan, fakkeenyi kennan jira. Kanneen haala gaariin ibsuu.

c. Jechoota Abbootaatti fayyadamuu:- lallabaan wayita barsiisu jechoota ifa hin taaneetti
fayyadamee iccitiiwwan akka hin faallessine haal dubbii abbootaatti fayyadamuu qaba.
Fkn:- Yohaannis (abbaa wangeelaa) maqoota garaagaraatiin waamama
 Nabaabee malakoot (dubbataa waaqummaa)
 Taa’ooloogoos
 Walda Nagodguwaad
 Abuuqalamsiis
 Jaalataa Gooftaa (Fiquure Igzii)
Haati keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam:-
 Haadha ifaa
 Haadha Waaqaa
 Haadha Gooftaa
 Bultoo Waaqayyoo
 Giiftii Hundaa jechuun waamaniiru.

Barnootni dubbii amantaa baay’ee dheerachuu hin qabu. Yoo dheerate sammuun
dhaggeeffattootaa dadhabee waan qabatu hin qabu. Gidduu barumsichaattis “shakkitootni akkas
jedhu” jechuurra barsiisa mana kiritaana keenyaa bu’uureffachuun ijoo barumsichaa hubatee
barumsa gaaffileef deebii laatu qopheessee yoo dhiyeesse gaariidha.

2.4.2 Lallaba Abbaa Gaalee Tokkoo

Lallaba abbaa gaalee tokkoo kan jedhamu lallabaan Kitaaba Qulqulluu keessaa gaalee tokko
luqqisee isarratti hundaa’uun barumsa kennamudha. Fakkeenyaaf “Qormaataan kan cimu
eebbifamaadha” (Yaa’i. 1:12) jechee yoo ka’e:-

 Maalummaa qormaataa
 Gosa qormaataa
 Karaa ittiin qormaatni dhufu
 Qormaata akkamitti darbuun danda’ama?
 Qulqulloota qormaataan cimanii darban kaasuun barichaa fi jireenya namaa waliin
walqabsiisuun bal’inaan barsiisuudha. Lallaba abbaa gaalee tokkoo kan jedhamu
ka’uumsa ta’us mala lallabaa garaagaraatu jira.

Fakkeenyaaf:-

 Abbaa gaalee baay’ee:- mata duree malee kan lallabamu/yeroo


qiddaasee(galateeffannaa), kabaja ayyaanaa/
 Soogoof Soorkoo:- Maat. 7:1-5, 2Seen. 25:17 marii Ameesiyaasii fi Iyyoo’aas
taasisan
 Waliin madaallii (sadhaata):- Maat. 7:24, Maat. 24:37
2.4.4 Lallaba Qiddaasee
Lallabni gosa akkanaa yeroo soommanaa sirna kanaa waadaa (kidaan), yeroo moosisuu
(nigsii), yeroo qiddaasee gidduutti kan laatamuudha. Mana kiristaanaa keenyatti mala
lallabaa bu’uuradha. Malli lallabaa kun faayidaalee hedduu qaba:-

 Yeroo tokkotti namootni baay’een irratti argamu


 Seelotni hundi ni hirmaatu
 Meeshaalee qulqulloota hundaan barsiisuun ni danda’ama.
 Xiqqaa hanga guddaatti itti hirmaatu
 Yeroo yeroon waan laatamuuf barumsichi hin dagatamu
 Seenaa fi barumsa hedduu yeroo tokkotti dhiyeessa.

Fakkeenyaaf :- dubbisa qiddaasee, Yeedaloo (mala yeedaloo sadanuu), dubbisa kitaaba

qulqulluu, (Wangeela, Gocha duuka Bu’ootaa, Ergaa, Faaruu Daawit, misbaak),Seenaa/oduu


guyyaa (jireenya Qulqullootaa), sinkisaara, kunneen hundi kiristaanotni hundi eenyummaa
isaanii akka baran kan taasisu ijaa ta’eef waliin jiraata.

2.4.5 Baacoo
 Daa’immaniif daran mijataadha
 Daa’imman hanga cimina isaaniitiin waan dhiyaatuuf salphumatti hubatu
 Daa’imman hiramaattota taasisa. Daa’imman mi’ootaan, bifa yeedalootiin
taphachiisaa barsiisa.
 Taphoota daa’imman raawwatan hunda gara afuurawaatti jijjiiruun barsiisuu
2.4.6 Fakkii

Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkii fayyadamuun barnootni laatameera. Gooftaa fi Fayyisaan


keenya Iyyasuus Kiristoos ibsa fakkiitti fayyadamuun barsiiseera. (Luq. 10:29)

Mana kiristaanaa keenyatti ibsa fakkii qofaa osoo hin taane fakkiidhaan barsiisuun afoola
Duuka Bu’ootaati. Qulqullootni Duuka Bu’ootaa Kitaaba Qulqulluu dabalataan Tsiraatsiyoon
holqa lafaa (Kaataakoomb) keessatti fakkiidhaan barsiisaniiru.

Lallabaan fakkiiwwan mana kiristaanaa keessatti argamaniin, kanneen seera eeggataniin,


barsiisuutu irraa eegama.
Fakkeenyaaf:- Fakkii Qulqullootaa yoo ilaallu ijji isaanii gurguddaadha.

 Amantaan isaanii sirrii ta’uu agarsiisuuf


 Ija sammuu isaanii ol gara Waaqayyootti
 Ijji foonii isaanii kadhaaf, dubbisuuf kan baname ta’uu
 Qulqullootni hubattootaa fi beektota ta’uu isaanii ni ibsa
 Wareegamtootni fardarra taa’uu isaanii (Mul. 19:4) kan jiru bu’uureffachuuni.

Mala kanaan hawaasni hundi keessattuu hawaasni hin baratne hubachuu waan danda’uuf
mala gaariidha.

2.4.7 Bifa Diraamaatiin

Manneen Sanbataatti, Yaa’ii Oddootti baramaa kan dhufe mala barumsaati. Mala kanaan
barsiisuun faayidaalee gurguddoo lama qaba:-

a. daangaa baraatiin argamuu kanneen hin dandeenye akka argaman

b. sammuu namaatti kan dhiyaate wanta mijataa uumuuf.

Diraamaa gosa saditu jiru:-

1. Gabaabaa – diraamaa abbaa agarsiisa tokkoo kan jedhamu


- Ergaa tokko gabaabatti dabarsuuf mala gargaarudha.
- Keessattu daa’immaniif dhiyaachuu akka qabu ni gorfama
2. Giddu –galeessa:- agarsiisa lamaa hanga sadii kan qabatedha.
- Diraamaa kanaan agarsiistotni seenawaan ni dhiyaatu.
- Dargaggootaa fi beektotaaf kan dhiyaatudha.
3. Dheeraa:- agarsiisota afurii fi isaa ol kan qabateedha.
- beekumsa addunyaa fi afuuraatiin kanneen bilchaatan utuu dhiyeessanii ni filatama.
- Ogeessota barbaachisa.
Agarsiistota Bifa Diraamaatiin hin Dhiyaatne
 Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa
 Meeshaalee Mana Qulqullinaa (Betemeqides) fi Beeteliheem
 Dhaloota, fannoo, du’aa ka’uu, olba’uu Gooftaa keenyaa
 Dhaalootaa fi ol ba’uu Haadha keenyaa
Dadhabina Diraamaa Baduu qabu
 Ummhaanata gara taphaa fi baacootti fudhachuu danda’a
 Haamilee ummataa kan miidhu ta’uu danda’a
 Jireenya addunyaa daran dheeressee kan dhiyeessu yoo ta’e
 Akka sagantaa haadhootti fudhatamuu hin qabu
 Jireenya afuuraatiin namootni hin bilchaanne hojjachuu hin qaban, ol of qabuu, of jajuu
hin malle, jaalala saala faallaatiin kufuu, anaan ala namni hin jiru jechuu fidaati.
2.4.8 Imala/deemsa (Tour and Travel)

Barumsaan, seenaadhaan, kitaaboleen kanneen beeknu qaamaan iddootti argamuun mala


irraa barannuudha. Waa’ee wanta dhageenyee ija keenyaan arginee qabeenya afuurawaa
keenya ni barra. Miirri abbaa qabeenyummaas nutty dhagahama. Ummatni wanta jechaan
barate ijaan yoo arge ni amana. Amantaa ofiitiin ni boona.

Imala Afuurawaan faayidaan argamu:-

 Amantaatti ni cima
 Gara afuurawaatti nama geessa
 Sababa amanuu fi fayyuu ta’a
 Jijjiirraa ilaalchaa fida
 Hojii gaariif kakaasa
 Sugaa fi gargaarsa argamsiisa.

Imala dura of eeggannoo taasifamuu qabu:-

 Imalichi kaayyoo qabaachuu qaba


 Baay’inni imaltootaa murtaa’uu qaba.
 Gosti imaltootaa beekamuu qaba
 Maalummaa fi seerri iddoo sanaa beekamuu qaba
 Haala uffannaa imaltootaa murteessuu barbaachisa
 Imalaan booda:- yaada fudhachuu
-wanta sirreeffamu sirreessuu
- cimana jiru daran cimsuu

2.4.9 Gochaan (Practically)

Kiristaanummaan waan baratan kan shaakalaniidha. Fakkeenyaaf, mallatteeffachuu, uffannaa


baaqqee, dhaabbii kadhannaa, gosaa fi seera sagadaa, Yaa Kiristoos nu fayyisi (si’a 12) eessaa
garamitti? Maaliif? Fi kkf.

Faayidaan mala kanaa:

1. Ilaalaa raawwachuun barachuu fi muuxannoo argachuuf


2. Dogoggoroota sirreessuuf fayyada.
2.4.10 Mariin (Panel discussion)
 Yeroo tokkotti namoota baay’ee hirmaachisa.
 Qabxii tokkorra akka gahan taasisa.
 Miira hirmaannaa (active participation) ni uuma
 Dubbisuu, gaafachuu, qopheessuu akka danda’an taasisa
 Yaada isaanii akka ibsan, jabina akka aragatan taasisa.
 Dogoggora isaaniirraa ni sirratu

Marii taasisuuf karaa lamatti fayyadamuu

1. Marii waliinii:- ummatni bakka tokkotti kan itti hirmaatu


2. Marii garee:- marii booda bakka bu’aan garee mala ibsa itti kennu

Mala kanaan barsiisuuf:- hirmaattota murteessuu

- dhimma filachuu

- qabxii marii murteessuu

- yeroo murteessuu

- yaada guduunfaa laachuu

Qophii dursaa taasisuu:-

a. Namoota filachuu
b. Guyyaa, sa’aatii, iddoo filachuu
c. Dhiyeessitootni qophaa’anii akka dhiyaatan taasisuu

Qabxiilee Marii:-

- Dhimma yeroo, rakkoowwanii fi yaadota hawaasaa


- Shakkitootaaf deebii kan laannu akkamitti?
- Kiristaanotni kiristaanummaan kan hin guddanne maaleefi?
- Gufuuwwan kiristaanummaa maal faadha?
2.4.11 Dorgommiiwwan
 Manneen sanbataa gidduutti
 Yaa’iiwwan oddoo gidduutti
 Kutaalee yaa’ii oddoo gidduutti
 Dargaggoota, daa’imman gareen qooduun barsiisuu
2.4.12 Jechaan Qabachuu/Qo’achuu
 Baay’een barumsa mana kiristaanaa jechaan kan qabamuudha.
 Jabana durii lallabni jechaan qofa qo’atamee dhiyaata ture
 Wantoota barbaachisoo yeroo fudhachuun jechaan qo’achuu.

Fkn:- kadhaa, faaruu, deebii (tasaxi’oo), jechama, walaloo, seenaa fi fakkeenya

Qo’annaa jechaa taasisuuf:-

 Waan tokko filaachuu hanga inni dhumutti kan biraa jalqabuu dhiisuu
 Yeroo murteessuu:- hanganaa hanga hanganaatti jechuu fi sammuun keenya wayita
bilisa itti ta’u.
 Deeggarsa barnootaatti fayyadamuu, akkuma gosa qo’annichaatti
 Irra deddeebi’uu:- utuu hin nuffinii fi abdii hin kutatin hojii koo jedhanii irra
deddeebi’uun qabachuu
2.4.13 Qorannoo Taasisuu

Keessattuu bara kana beektota addunyaa biratti akka waan guddaatti waan ilaalanii fi
xiyyeeffannoo itti laatee ijaa hordofuuf, ijaa irraa baratuufis, nama isa fakkaatu irraa
argatuuf, wanti sababaan (logic) dhiyaatu ijaa qabuuf qorannoo taasisuun mala barsiisuutti
fayyadamuun karaa filannoo gaaffii hin qabneedha. Sababni isaas dhimma tokko irratti ragaa
walitti qabuun hojii qorannootiin waan hojjatamuuf mala wanta tokko gadifageenyaa fi
gahuumsan baruuf dandeessisu ijaa ta’eef.

Wantoota qorannoof barbaachisan:-

 Ragaa walitti qabuu fi dubbisuu, ilaaluu fi gaafachuu, jechaa fi barruun ibsuu, hiikuu,
murtiirra gahuu barbaachisa.
 Akka dubbii ogeessota qorannichaatti yoo ta’u barruun qorannoo tokko kutaalee afur
qabaata:
a. Seensa (introduction)
b. Barreeffamoota kana duraa ibsuu (literature review)
c. Ibsa laachuu (essay)
d. Guduunfaa/Goolaba (conclusion, summary, recommendation)

Barruun qorannichaa erga qophaa’ee booda:

 Warra dhimmi ilaallatuuf waamicha taasisuu


 Barreeffamicha kallattiin dhiyeessuu
 Gaaffi fi mariin yaada dabalataan gabbisuu

Malli barumsaa kun wantoota baay’ee mana kiristaanaa keessa jiran garuu hin beekamne qo’atee
fi qoratee dhiyeessuuf gargaara.

2.4.14 Agarsiisa (Exibihition)

Mala wanta barbaachisaa fi bu’a qabeessa yeroon barbaadu, ummatni baruu qabu iddoo tokkottii
fi yeroo murtaa’etti dhiyeessuun ittiin barsiisaniidha.

Qophii agarsiisaa irratti hammatamuu wantaatni qaban:-

 Barbaachisummaa meeshaalee qulqulluu mana kiristaanaa


 Fakkiiwwan qulqullaa’oo
 Waa’ee wantoota dhiyaatanii jechaan ibsuu
 Ibsoota namni haala salphaan hubachuu danda’u qopheessuu
 Barootaan qoqqoodanii agarsiisuu: kan durii, bara giddugaleessaa, bara ammaa jechuun
 Gosaan dhiyeessuu:-meeshaalee faarfannaa, meeshaalee qiddaasee
 Dhiyeessaan:- hambaalee, chaartiiwwan, fiilmiiwwan, suuraawwan…

Haala kanaan namni utuu hin nuffin bashannanaa yeroo tokkotti waan baay’ee dubbachuu nama
dandeessisa.

2.4.15 Wal-jijjiirraa Muuxannoo Taasisuu

Yaa’iiwwan oddoo, manneen barnoota Sanbataa, giddu-galeessonni, giddu-galeessonni Aanaa,


waldaaleen…fakkaattota isaanii waliin muuxannoo wal jijjiiruun mala ittiin barataniidha.

Faayidaa muuxannoo wal-jijjiiruu:-

 Jaalalaa fi tokkummaa hundeessa


 Akka sagantaa filannootti tajaajila
 Muuxannoon tokko bira hin jirre, garuu kan biroo bira jiru irraa baratama.
 Tokko ilaalchaa fi hubannoo isa biroof qabu ni sirreessa; ni guddisa.
 Wal-sirreessuuf gargaara.
 Wal-gargaaruuf fayyada.
 Lallaba wangeelaa babal’isa, ni cimsa.
2.4.16 Barreeffamaan Barsiisuu

Sagalee Waaqayyoo barreeffamaan mala ittiin barsiifnudha. Qabxiilee xiyyeeffannoon itti


laatamu:-

a. Tiraaktii:- fuula tokko duraa fi duuba irratti kan guduunfamu, maxxansiisuuf, qabachuuf,
iddoodhaa iddootti sochoosuuf salphaa kan ta’e, ergaa tokko qofa qabachuu kan qabu.
b. Shiittii (hand out):- mata-dureewwan tokkoo ol qabaata. Fkn Iccitiiwwan torbanii fi
Utubaa Amantaa shaman…
c. Buleetiinii (bulletin):- shiittiirra kan bal’ate, kitaabaa gadi kan ta’e, fuula 50 ol kan hin
taanee fi fuula 7 gadi kan hin taane, bituuf, qabachuuf, sochoosuuf karaa salphaadha.
Hawaasa keessatti beekumsaan, jireenyaan, jireenya hawaasummaatiin wanti wal fakkaataan
waan hin jirreef sagantaa walfakkaataa qopheessuun rakkisaadha. Rakkoo kan furuuf
barumsa barreeffamaan qopheessanii dhiyeessuun faayidaa qaba:-

 Amantootni ofii isaaniitiin sagantaa hoogganuu danda’u.


 Haala mijataa barachuu danda’aniin barachuu danda’u.
 Wanta baratan qixa tokkoon qabachuu danda’u.
 Wanta baratan/dubbisan/ kanneen biroof barsiisuu danda’u.
 Sababni iddoo fi yeroo utuu hin jiraatin barumsa laachuuf ni mijata.
 Hambaa ta’ee galmaa’ee taa’uu danda’a.

Madaalliin barnoota barreeffamaa:-

1. Kaayyoo:- kaayyoon barreeffamichi itti barraa’e beekamuu qaba.


2. Yaada ifaa:- barreeffamichi keewwata garaagaraa yoo qabaate illee ergaa tokko kan
dabarsu ta’uu qaba.
3. Iftoomina:- barreessaan kan beeku qofa osoo hin taane haala namni beekuu fi hubachuu
danda’uun iftoominaan dhiyaachuu qaba.
2.4.17 Fakkii fi Sagaleen (video and audio)
a. Audio:- barnoota CD ykn kaasettaan waraabanii barsiisuudha. Keessattuu qaroo
dhabeeyyiif mala ittiin barsiisanuudha.
b. Video:- fakkii dabalata.
 Kiristaanotni dhagahuun alatti ijaan ilaalanii akka baratan taasisa
 Keessattuu daa’imman biyya alaa jiraatan Mana Kiristaanaa argaa hin guddanneef
mala filannoo hin qabneedha.
2.4.18 Seeminaara (seminar)

Namoota garaa garaatiin waa’ee dhimma tokkoo ragaaleen kan itti dhiyaatan
ijjannoowwan(barreeffamootni) sagantaa itti keessummeeffamaniidha.

Barreeffama qorannoo:- ogeessotni garaa garaa iddoo tokkotti kan itti hirmaatanii fi
hirmaattotaaf raga itti laatan ijaa ta’eef beektota irraa barnoota hedduu argachuun ni danda’ama.

Barbaachisaa yoo ta’e ragaan barreeffamaa (document), Fiilmii, sagalee, mi’ootaa itti dhiyaata.
Seminaara irratti:-

a. Barnoota garee(team teaching):- dhimma tokko ogeessota garaagaraa irraa salphumatti


hubachuun ni danda’ama.
b. Haala itti fufiinsaa fi bifa leenjiitiin kennamuu danda’a.
c. Hir’ina barsiisotaa ni salphisa.
2.4.19 Barnoota Fagoo (Distance Education)

Barnootni fagoo maloota ammayyaa keessaa isa tokko dha. Namni tokko qaamaan argamee
wanta barachuu hin dandeenye iddoo jirutti barumsi ergameefii akka baratu taasisuudha.

Barnootni fagoo sirna barnootaa (curriculum) mataa isaa kan qabuu fi wantoota ammachuu
qabu:-

 Kaayyoo ifaa
 Wal duraa duuba barumsaa
 Mala madaallii

Barnootni fagoo dandeettii ogeessotaa kan gaafatuudha.

Karaawwan barumsichi ittiin dhiyaatu:-

 Barreeffamaan
 Sagaleedhaan (kaasettaan)
 Fakkiidhaan (video) ta’uu danda’a.

Namootni baratan galmaa’anii kan dubbisan kitaabni ni ergamaaf. Gaaffiiwwan guyyaa guyyaan
hojjatanii fi uunkaawwan guutan waliin ergamaafi. Dhumarrattis qormaatni madaallii ni
kennama.

Sirna barnootaa kanaan mala qormaatni itti laatamu lamatu jira:-

1. Open book examination (qormaata banaa):- namichi qormaatichi erga dhuunfaan


ergameefi booda ofii isaatiifis ta’ee nama gaafatee hojjachuu danda’a.
2. Closed examination:- namichi iddoo gidduu-galli qormaataa jiru dhaqee qorama. Iddoon
qormaataa yoo hin jiraanne qoraan ergamuufii danda’a.
Barsiisota barnoota fagoo laataniif mala filannoo:-

a. Xalayaa deeggarsaa yaa’ii lallabaa (sabakaa gubaa’ee) yoo fide


b. Mana barnoota sanbataa hangam akka ture yoo beekame
c. Barreeffamootni kanaan dura dhiyeesse yoo jiraate akkamitti akka qophaa’an yoo
ilaalame
d. Qormaatni seensaa yoo laatame, bu’aan isaas madaalame.
2.4.20 Deebii Gaaffiilee
 Gaaffii amantootni nu gaafataniif sagantaa deebii itti laannudha.
 Sagantaa qophii deebii gaaffilee:-
a. Saanduqa gaaffiin itti walitti qabamu qopheessuu
 Namootni eenyummaan isaanii akka beekamu waan hin barbaannef.
 Ifatti gaafachuu waan hin dandeenyef.
 Uumama isaaniitiin waan saalfataniif
 Hin beekuu? Jedhamuu waan sodaataniif
 Jechaan utuu gaafatanii yaada isaanii sirriitti ibsachuu waan hin
dandeenyef.
b. Sagantaa Deebiin itti laatamu qopheessuu.
 Abbaan sagantichaa deebii ni laata
 Yoo hin dandeenye beektota affeera.
 Yoo kunis hin danda’amne deebii beektotaa kaasettaan waraabanii
(barreessanii) deebii laachuu.

Adeemsi gosa kanaa:-

 Gaaffilee ummataa barnootaan hin haguugamne deebisuuf nama dandeessisa


 Sagantichi doogmaa, seera, jireenya hawaasummaa, afoola, seenaa fi jireenya afuurawaa
haguuguu qaba.
 Gaaffileen dhuunfaa fi addababayiitti deebi’uu kan danda’an taa’uu adda baafachuu.
2.5 Ummata Baruu
Ummata tokko barsiisuuf Wangeela barsiisuuf eenyummaa ummatichaa baruun qajeeltoo lallaba
wangeelaati. Lallabaan tokko eenyummaa ummatichaa utuu hin beekin lallabni jechaas ta’ee
gochaa jireenya lallabamichaatiin walsimuu hin danda’u.

Ummata baruuf maal barbaachisa?

1. Aadaa Qo’achuu:-
- Aadaan ibsa eenyummaa ummata tokkooti
- Aadaan mala jireenya ummata tokkooti.
- Aadaan hunduu wanta fayyaduu fi gargaaru ni qaba.
- Aadaan Kitaabni Qulqulluun hin deeggarree fi deeggaru jira.
o Faayidaan Aadaa baruu:-
- Eenyummaa ummatichaa hubachuuf
- Rakkoo ummatichaa baruu fi gargaaruuf
- Wanta sirrachuu danda’u sirreesuu fi soroorsuuf
- Wantoota gadheerraa of eeguuf
- Wantoota safuu ta’an akka cubbuutti lakkaawaman irraa of eeguuf
- Ummaticha waliin hariiroo cimaa uumuuf
- Haala dubbii fi jechoota hawaasichaatiin barsiisuuf
2. Afaan:- Afaan saba kamiiyyuu kabajamaadha.
- Abbaan afaanichaa Waaqayyoodha.
- Afaan baruun babl’achuu lallaba wangeelaatiif shoora ol’aanaa qaba.
- Fireeminaaxoos, Qulqullootni saglan (9), Icegee Imbaaqoom lallaba wangeelaa
babal’isuu, kitaabolee barreessuu hiikuu kan danda’an afaan qo’achuu isaaniitiini.
3. Dur-duubee Beekumsa Amantaa (ኃ ይ ማኖ ታዊ ዳ ራ )

Beekumsa amantaa ummatichaa beekuuf:

a. Hanga beekumsaa fi hubannoo ummatichi amantaaf qabu


b. Kanaan dura barnoota amantaa baratan
c. Gochoota aadaa fi alagaa Kiristaanummaan wal makan
d. Dhiibbaa shakkitootaa, alagootaa fi namoota hin amannee
e. Hariiroo Gadaamiiwwan, Manneen Kiristaanaa, manneen barnootaa faana qabu hubachuu
f. Walitti dhufeenya lubummaawaliin qabu.
g. Ilaalcha lallaba wangeelaatiif qabu.

Fkn:- iddoo tokko nuyi lallabni wangeelaa nu hin barbaachisu ummatni keenya kan barateedha
ilaalchi jedhu jiraachuu danda’aati.

4. Sadarkaa Beekumsaa Lallabamtootaa

Lallabaan sadarkaa beekumsaa ummatichaa beekuu qaba. Kana taasisuuf iddoo lamatti qoodanii
ilaaluu:-

1. Beekumsa foonii:- amantootni beekumsa fooniitiin sadarkaa tokko qabuu?


- Darbee darbee namootni baratan keessa jiruu?
- Ykn namni barate humtuu hin jiruu?
2. Beekumsa afuurawaa:- beekumsa afuurawaatiin sadarkaa maaliirra jira?
Kana baruuf:- bar-gaaffii (questionniare) raabsuu
- Gaaffiilee jechaa adeemsisuu
- Qo’annoo adeemsisuu
- Qormaata yaalii laachuu
- Ragaa funaanuu

5. Haala Jireenyaa

- Haalli xiinsammuu namaa akkuma sadarkaa jireenya isaatti garaagara.


- Amantootni gara mana kiristaanaa wayita dhufan rakkoo isaanii fidanii dhufu
- Rakkooleen isaaniis akkuma bifa isaanii garaagara.
- Lallabaan kanneen beekuun isaa jechi Waaqayyoo facaasu akka firii buusu taasisa.
- Amantootni barumsichaan fayyadamtoota ta’u. Bu’aan isaas jireenya fooniitiin
gammadoo ta’anii kanneen armaan gadii sirreessuun Mana Kiristaana waan isaan
ilaallatanii fi danda’aniin tajaajilanii abbaa fayyinaa ta’u/fayyina argatu.
o Qabeenyaan walfakkaatoodhaa?
o Hanga qabeenyaatiin addaa addummaan isaanii guddaadhaa?
o Dureeyyiin/hiyyeeyyiin/ ni bay’atuu?
o Galii giddu galeessaa qabuu?
o Hundinuu jireenya gadi aanaa jiraatuu?
o Walgargaaruu, walgaafachuu qabuu?
o Hariiroon tajaajiltoota iddoo sanaa isaan kam waliin guddatee mul’ata?

6. Haala Fayyaa

- Xiinsammuu nama fayyaalessaa


- Xiinsamuu nama dhukkubsataa
- Xiinsammuu nama qaama hir’uu
- Xiinsamuu namoota qaroo dhabeeyyii addaa addummaa qaba.
7. Umriidhaan

Namootni umrii garaagaraarra jiran irratti jijjiiramootni qaamaa fi xiinsammuu jira.


Fakkeenyaaf, sadarkaa dargagummaatti (12-18) jijjiirraan amalaa mul’isan jira. Kanneen
keessaa:-

 Obsa dhabuu(emotional).
 Jeeqamuu fi salphumatti dhippachuu
 Ilaalcha dhaabbataa dhabuu
 Ofii fi namoota biroof fedhii garaagaraa qabaachuu
 Ofiin garee beektotaatti ramaduu
 Itti gaafatamummaa simachuuf sodaachuu
 Aadaa fi seeraaf bitamuu dhabuu
 Salphumatti dhiibbaa hiriyaatiif saaxilamuu
 Ajaa’ibsiifatamuu fi xiyyaaffannoo barbaaduu
 Jaalala ijaatiin kufuu
 Yoo galateeffataman gammaduu, yoo qeeqaman gadduu
 Salphumatti abdii kutachuu

Jijjiirama amalaa fi ilaalchaa kanneenii fi kan biroo umrii garaagaraa irra jiran hubachuun
lallabaadhaaf:-

 Barumsi isaa maal irratti xiyyeeffachuu akka qabu


 Cimina isaanii dagaagsuuf
 Dadhabina isaanii sirreessuuf
 Akkuma umrii isaaniitti barsiisuuf
 Waa hundumaaf mul’ata akka qabaatan taasisuu
 Wantoota kaayyoo isaaniirran gahu itti agarsiisuuf
(Faar. 118:9)

Duuka bu’aa Yohaannisis umriin qoodee barsiiseera. (1Yoh. 2:12)

Gooftaan keenyas umriin qoodanii barsiisuu akka barbaachisuu jecha waadaa Qulqulluu
Pheexiroosiif laate irraa arguu ni dandeenya. (Yoh. 21:19)

Kanneenii fi kkf. taasisuun:-

- Fedhii barumsaa isaanii kakaasuu


- Jireenya afuurawaa isaanii akka raawwiin agarsiisan dadammaqsuu
- Barumsicha jireenya isaanii waliin wal qunnamsiisuu
- Ilaalcha gadhee gara gaariitti akka jijjiiran.

2.6 Mala Qoqqoodanii Barsiisuu

Mala qoqqoodanii barsiisuu jechuun hawaasa sadarkaa umrii garaagaraa irratti argaman umriin,
saalaan, hojii fi haala jireenyaatiin haala barumsaaf mijatuun addaan qooduudha. Faayidaan
argamsiisu:-

1. Qabeenya qabnu qixa sirriin itti fayyadamuu:- teessoo, xarapheezaa, kitaabota.


2. Iddootti sirriitti fayyadamuuf:- iddoon barnootaa utuu hin dhiphatin hanga nama
qabachuu danda’uun barsiisuuf gargaara.
3. Hordoffiif gargaara:- yaa’ii irratti ummatni yoo baay’ate eenyu rogaan hordofaa akka
jiruu fi gosa barumsaa kam akka hordofu, yaadannoo akka qabatu/hin qabatne, eenyu
barumsichaa sirriin akka hubate baruuf fayyada.
4. Hojii garee laachuuf:- amantootni walirraa akka baratan, wal gaafatan, wal gargaaran,
tokko tokkoon akka hordofu, dorgommiiwwan afuuraa adeemsisuuf gargaara. Mala
kanaan yoo baratan:-
a. Nuffuun hin jiru.
b. Aadaa waliin jiraachuu dagaagsa.
c. Eenyu ciminaa fi dadhabina akka qabu adda bahee beekama.
d. Dandeettiin isaanii addatti bahee beekama.
5. Itti fufiinsa barumsaaf:-
- Mala kanaan barumsa itti fufiinsaan sadarkaa sadarkaan kennuuf mijata.
- Salphaarraa gara cimaatti akka guddatu
- Barumsa tokkorraa gara isa lammaffaatti ce’uuf.

Haala kanaan yoo hin kennamne guyyumaan namni haaraan dabalamaa kan bare yoo hin barre,
isa jalqabarra jiru isa baraterraa fo’uu rakkisaa taasisa.

6. Irra deddeebii hanbisa:- namni tokko hedduu barachuu utuu qabuu fi fedhuu irra
deddeebii irraa kan ka’e hedduu osoo hin baratin hafa. (yaa’iiwwan cidhaa rakkoo kana
qabu)
7. Barnoota adda baasanii dhiyeessuu:-
- Beekumsa gosa tokkoo warra qaban bakka tokkotti
- Dargaggoota, daa’imman qofaa isaaniitti
- Wal-fuutota bakka tokkotti
- Daldaltoota, dhukkubsattoota, qotee bultoota, hojjattoota, dhimma isaan ilaallatuun
barsiisuu.
8. Madaalliif:
- Waan baratan qoruun hangam akka beekanii fi maal akka isaan hafe baruuf.
9. Jajjabeessuuf:-
- Amma kana baranneerra, kuni immoo ni hafa jechuuf, fedhii kakaasuuf.
Akkamitti qoqqoodnee haa barsiifnu?
1. Umriin:- qoodinsi isaa baay’ee yoo ta’e illee yoo xiqqaate sadarkaalee shan hordofuun
rogummaa qaba.
a. Waggaa 7-14 kan jiran:-
 Yeroo maatii irraa gara hawaasaatti makamaniidha.
 Yeroo mana barumsaa itti galaniidha.
 Iddoo taphaatti bahanii kan taphataniidha.
 Yeroo waan arganii fi dhagahan itti simataniidha.
 Kan ofii isaanii fi kan isaanii kan hin taane yeroo adda itti baasaniidha.
Ijoollee kana haala itti aanuun barsiisuu:-

 Mammaaksota
 Seenaawwan:- Addaam, Abeel, Abrahaam, Yishaaq, Qirqoos…
 Jireenya wareegamtootaa, Qulqullootaa jechaan, fakkiidhaan barsiisuu
b. Waggaa 14-18 warreen jiraniif
Sadarkaa umrii kanarra warreen jiran dhiibbaalee hedduu qabaatu:-
1. Tapha garee daa’imummaa keessaa bahanii hiriyaa qabachuu waan arganii fi
dhagahan raawwachuu yeroo itti barbaadaniidha.
2. Dhiibbaa hiriyaatiin kallattii hin malletti yeroo itti fudhataman ijaa ta’eef
hordoffii fi of eeggannoo cimaa isaan barbaachisa.
3. Waan itti dhagahamu mara barruulee isaanii irratti maxxansuu jaalatu.
4. Dhiibbaa sab-qunnamtiitiif saaxilamu
5. Dandeettii waan dhagahanii fi argan qabachuu fi waraabuu qabu.
c. Waggaa 18-26:- sadarkaa umrii isa hangafa jedhamuudha.
Yeroon kun:- jireenya Sad. 2ffaa fi Koollejjiiti.
 Of danda’uuf yeroo itti carraaqamuudha.
 Saala faallaatiif itti saaxilamaniidha.
 Araadota garaagaraa baruuf yeroo yaalii fi badiiti.
 Dhiibbaa hiriyaatiin salphumatti balaaf saaxilamu.
 Ijjannoo amantaa jijjiiruu, ragaan amanuu, miira qofa hordofuu.
d. Waggaa 26-30:- hojii fi gaa’elaan alatti yerpp barumsa dabalataa itti argamuudha.
 Haala hojii fi yeroo qabaniin barsiisuu barbaachisa.
 Maatii itti hundeessan, dhaloota eebbifamu itti horatan, biyyaa fi mana
kiristaanaa itti fayyadanis ta’ee miidhan dhaloota kanadha.
e. Waggaa 30-45:-- sadarkaa umrii itti gaafatamummaa jedhamuudha.
 Hojii mootummaatiin
 Jireenya hawaasummaatiin
 Dhaabbilee amantaatti

Kana hordofee itti gaafatamummaa isaanii:-


 Waaqayyoon biratti
 Nama fuulduratti
 Sammuu isaaniitiifis akka bahanii fi badhaasa samii fi lafaa, kan yeroo fi bara
baraa Waaqayyoorraa, namarraa, sammuu isaanii irraayis akka argatan barsiisuu.
f. Waggaa 45 booda kan jiru umrii jaarsummaati.

Sadarkaa umrii kanatti wanta cimu hin barbaadan.

 Gaabbii galuu, qorrobuu


 Fedhii gara Gadaamotaa deemuu
 Caqasa caqasaa jedhanii hin rakkisan.

Kanneen jaalalaa fi naamusaan barsiisuu.

Barsiisuu fi jaarsa araaraa ta’uun fakkeenya akka ta’an barsiisuun barbaachisaadha.

2. Saalaan adda qoodanii barsiisuun:- waa’ee saalaa mari’achuuf fayyada.


3. Sadarkaa barnootaatiin:- sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, qophaa’inaa, koollejjii
4. Ogummaadhaan:- konkolaachisaa, daldalaa, loltuu, dafqaan bulaa, mahaandisa,
barsiisota. Dabalataanis warshaatti, Kaampiitti, mandaraan, Waldaan, kan walitti
qabaman waan jiraniif haalota mijaa’oo hordofee barsiisuun gahee lallabaati.
Barumsichis kennamuu kan qabu haala eenyummaa isaanii waliin wal giteen yoo ta’e
bu’a qabeessa ta’a.
2.7 Iddoowwan Lallabaa

Yoom iyyuu gidduu galli lallaba Wangeelaa Mana Kiristaanaati. Dabalataanis haala mijataa
kamiinuu missiraachoo wangeelaa gurra ummataa biraan gahuu barbaachisa.

Ka’uumsi hojimaata kanaas Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi. “ana irraa baradhaa jedheeraatii
isa fakkeenya godhachuun iddoowwanii fi carraalee armaan gadiitti fayyadamuun lallabuu”

a. Mana Kiristaanaa:-
 Yaa’ii waarii (sarkii) yeroo maraa irratti
 Sirna kadhannaa Kidaanii irratti
 Yaa’iiwwan torbanii irratti.
 Ayyaanota Ji’aa fi Waggaa irratti.
 Sagantaalee garaagaraa qopheessuun
 Yeroo awwaalchaa

Barumsi mana kiristaanaatti laatamu raawwatiinsa qaba jechuun ni danda’ama.

 Meeshaalee qulqullummaa(mana kiristaanaa)


 Huccuuwwan
 Haala hojii mana kiristaanichaa
2.8 Amaloota Lallaba Ortodoksummaa
1. Kitaaba kan bu’uureffatuudha:- qabxiilee sadi hammata.
a. Kitaaba Qulqulluu:-
 bu’uurri lallabaa Kitaaba qulqulluudha.
 hojiiwwan mana kiristaanaatti raawwatan hundi kitaaba Qulqulluu bu’uureffatu.
b. Dhalatoo:- Kitaaba Qulqulluu kan hiikan, ibsan, gochaan agarsiisaniidha.
c. Kitaabolee Seenaa:- Seenaa mana kiristaanaa bu’uureffachuun kitaabolee biroo
waliin dhiyeessuu
2. Dubbii Waaqummaa:- qabxiilee afur of keessatti hammata
a. Iccitaa Mana Kiristaanaa
b. Bu’uura amantaa (Dogma)
c. Seera Mana Kiristaanaa
d. Afoola Mana Kiristaanaa
3. Seera Mana Kiristaanaa:-
a. Soommana, sirna kadhannaa kan bu’uureffate
b. Sirna kabaja ayyaanotaa ilaalchisee
c. Sirna qiddaasee kan bu’uureffate
d. Faarfannaa Mana Kiristaanaa kan haguuge
e. Seera sagadaa fi tajaajilaa
4. Jireenya Hawaasummaa ilaalchisee:-
 Hariiroo kiristaanotni jireenya hawaasummaa keessatti qabaachuu qaban
 Haala jireenya maatii kiristaanaa beeksisuu
 Tokkummaa fi garaagarummaa warreen biroo(amantaan isaan hin fakkaanne)
beeksisuu fi murteessuu yoo dandeessan hunduma waliin nagaan jiraadhaa
jedhameeraati.
 Dhimmoota guyyaa fi yeroo ilaaluu
5. Walitti hidhannaa kan qabu:-
 Dubbii amantaa fi seera
 Amantaa fi naamusa
 Amantaa fi jireenya hawaasummaa walitti hidhuun barsiisuun ni danda’ama.

Fakkeenyaaf:- karaa alagootaarra hin deeminaa (Mat. 10:5)

 Amantaa alagaarra a. alagaa


 Seera alagaa b. karaa
 Jireenya hawaasummaa alagaa c. deemuu Faar. 1:3

2.9 Barnootni Akkamitti Qophaa’a?

Barnootni kutaalee xixiqqoo jaha qaba.

1. Mata duree 4. haadhoo


2. Kaayyoo 5. gorsa
3. Seensa 6. Guduunfaa

Lallabaan barumsa itti fufaa, lallaba dheeraa, gabaabaa qopheessuuf duraa duuba kanneen
beekuu qaba.

a. Barnootni itti fufaan akkamitti qophaa’a?


Qabxiilee barnoota itti fufaa qopheessuuf tajaajilan
1. Mata duree filachuu:- mata dureen wayita filatamu haala xiyyeeffannoo namootaa
harkisuun
 Fedhii barachuu barattootaa haala harkisuu danda’uun
 Kaayyoo isaa sirriitti ibsuu kan danda’u
 Gabaabaa fi ifaa

Yaad-rimeewwan mata-duree filachuu:-


 Dhageeffattoota biratti kan hin dagatamne, jechoota salphaatti hubatamuu danda’an.
 Ergaa darbuu malu jechoota hammatanii qabatan.
 Lallabaan ibsee barsiisuuf kan mijatan.

Mata duree filachuun dura qabxiilee irratti xiyyaaffatamuu qaban:-

 Iddoo/naannoo, umrii, beekumsa, saala, barmaatilee hin mijatnee fi amantiiwwan


lallabamtootaa adda baasanii baruu.
 Dinagdee, aadaa, jireenya hawaasummaa, haalota siyaasaa hawaasichaa adda baasanii
baruu
 Taateewwan yeroo nam-tolchee fi uumamaa tilmaama keessa galchuu
 Dhiibbaa keessaa fi alaa qorachuu
2. Kaayyoo:- kaayyoon sammuu lallabaati jedhama.
 Kaayyoo barumsichaa kaa’uu

Faayidaa kaayyoon kennu:-

a. Qophii fi guduunfaa barumsichaa ni to’ata.


b. Wantoota barumsichaan haguugamuu qabanii fi hin qabne murteessa.
c. Yaadota walitti firooman murteessuuf gargaara.
d. Fakkeenyota kaayyoo barumsichaa raawwachuuf gargaaran filachuuf
e. Barumsichi galma gahuu isaa safaruuf
f. Guduunfuuf.

Galmi kaayyoo maali?

1. Beekumsa dabarsuuf

Barumsa andimtaa, dubbii amantaa, seenaa mana kiristaanaa, dubbii qulqullootaa

2. Jireenya afuurawaa barsiisuuf


- Kadhannaa, soommana, jireenya gaabbii, qurbaana
3. Jijjiirraa amalaa fiduuf:-
- Namni waan gadheerraa akka deebi’u
- Gocha gadhee akka dhiisu
- Cubbuurraa fi yakkarraa akka of eegu
4. Jijjiirama ilaalchaa fiduuf:-
Namni yaada isaatiin, ilaalchaan jijjiirama gaarii akka fiduufi ijjannoo akka qabaatuuf.
3. Seensa:-
- Seensi barnoota tokkoo fedhii barachuu kakaasa.
- Mata-duree dhimmichaa daran wal barsiisa
- Kaayyoosaa sirriitti ibsa
- Xiyyeeffannoo dhaggeeffattootaa kan bituu fi harkisu ta’a
4. Qophii kutaa Haadhoo barumsichaa

Yeroo barnoota itti fufaa barattootni qixa ibsa seensa irratti laatamee fi mata duree
filatameetiin barumsicharraa beekumsas ta’ee jireenya maalii akka eegan gaafachuu fi ragaa
funaanuu:-

- Barumsicha haala hubachuu danda’aniin afaan ifa ta’een barsiisuu


- Barattoota akka hirmaachisu gaaffii fi deebiin barsiisuu
- Gareen qooduun mariin barsiisuu
- Fakkeenyota barumsicha waliin deeman fayyadamuu
- Hojii manaa gabaabaa laachuu
- Isa itti aanuuf ilaalcha fudhachuu
- Guduunfaa guyyaa sanaa laachuu
5. Barbaachisummaa Gorsa Barnootaa:-
- Barumsicha jireenya guyyaa barattootaa waliin walitti fiduun hin barsiifne taaneen
bu’a qabeessa hin ta’u.
- Barumsi mana kiristaanaa jireenya waliin yoo walitti hin firoomne jireenya
afuuraatiin goguu hordofsiisa
- Barumsichi qabiyyee fi dhiyeessa isaatiin hir’ina kan hin qabne yoo ta’e illee jireenya
barattootaa hin jijjiirre taanaan hiika hin qabaatu.

Barnootni Kitaaba Qulqulluu akka gochaan mul’atu:-

- Jireenya guyyaa guyyaa isaanii waliin walqabsiisuu


- Waan ta’uu qaban akka ta’an ajaja laachuu
- Waaqayyoon ummatasaa irraa maal akka barbaadu himuun barumsicha jireenya
isaanii waliin qabatamaa taasisuu
- Akkana yoo raawwattan gaariidha, yoo hin raawwanne garuu…jechuun gorsa laachuu
- Maal goonu jedhanii akka of gaafatan taasisuu
6. Guduunfaa Laachuu:-
- Guduunfaa laachuun barumsicha guutuu taasisa
- Kutaalee garaagaraa walitti qaba.
- Yaada gooree barumsichaa irra deebi’a
- Kaayyoo barumsichaa yaadachiisa
- Barumsicha walitti hidha

Barumsa itti fufaaf qophii barsiisaa:-

Namoota fayyisuuf hojii fi itti gaafatamummaan sagalee Waaqayyoo barsiisuu caalu hin jiru.

Barsiisotni barnoota itti fufaa qophii dursaa taasisuuf qabxiilee barbaachisan:-

a. Barsiisotni jireenya afuurawaa isaaniitiin akka guddataniif yeroo kadhannaa, callisaa


gahaa qabaachuu qabu.
b. Yeroo barumsicha itti qopheessan karoorfachuu
c. Barumsa sirrii barsiisuuf Doogmaa, Qannoonaa, seenaa fi afoola mana kiristaanaa sirriitti
beekuu
d. Kitaaba bara booji’e dubbisuufi ogeessota waliin mari’achuu
e. Jireenya isaaniitiin mana barumsaa barattoota isaanii akka ta’an ofeeggannoo taasisuu
f. Yeroon barumsichaa kan murtaa’e ta’uu hubachuu fi haaluma sanaan qopheessuu

Gosa Barattootaa:-

 Dardarran, dargaggootai, ga’eessota, hojjattoota, luboota, dubartoota…


Yeroo barumsichaa:-
 Guyyaatti sa’aa meeqa?
 Torbanitti guyyaa meeqa?
 Ganama, galgala, guyyaa guutuu

Kaayyoon barachuu barattootaa maali?


- Waltajjii mana kiristaanaa irratti akka barsiisan?
- Dubbii waaqummaa akka baratan?
- Naamusaan akka jiraatan?
- Gaaffiidhaaf deebii akka laatan?
- Bulchiinsa mana kiristaanaa akka beekan?

Akkamitti qophoofna?

 Gargaarsa Afuura Qulqulluu argachuuf soomuu fi kadhachuu (hoj. 13:3)


 Sagantaa waliigala waggaa qopheessuu
 Ayyaana ummataa, yeroo manni barumsaa itti cufamuu fi banamu hubannoo keessa
galchuu
 Haala qileensaa hubannoo keessa galchuun qopheessuu

Lallabni Barumsawaa akkamitti qophaa’a?

 Ka’uumsi isaa barumsa ta’ee guduunfaa/ergaan/ isaa lallaba taasisuudha.


 Sagantaa tokkoon xumuramuu danda’a
 Ykn itti fufiinsaan barsiisuun ni danda’ama.
Fkn:- yeroo murtaa’eef barumsa taasisanii yeroo itti aanu lallabaan guduunfuu
 Barsiisaa tokkoon/lamaan laatamuu danda’a.
Lallaba Barumsawaa qopheessuuf:-
1. Qorannoo adeemsisuu
- Barbaachisummaa lallaba barumsawaa
- Barbaachisummaa ka’uumsa lallaba barumsawaa
- Dubbisa kutaa Kitaaba Qulqulluu kamiin
- Lallaba barumsawaa kennuu fi dhabuu:-
a. Dubbii amantaa
b. Dubbii Waaqummaa
c. Dubbii Maariyaam
d. Dubbii Qulqullootaa
e. Seenaa Mana Kiristaanaa
2. Mata Duree Filachuu
a. Galmasaa irratti xiyyeeffachuu:- mata dureen wayita filatamu lallabaan guduunfuuf,
jireenya namaa salphaatti qaqqabuuf ni dandeessisaa? Yeroo tokko tokko muuxannoo
dhabuu lallabaa irraa kan ka’e mata duree fi kaayyoo irraa ka’e dagatee kallattii
birootti deemuun ni muudata.
3. Barnoota Caqasaa Addaan qoqqoodametti fayyadamuu
Mala barnootaa iddoo afuritti qoodamuudha.
a. Yaada gurguddaa caqasichaa baasuu
Fkn:- dubartiinnana dadhabbii keerraa hiikamteerta (Luq. 13:12)
- Dhukkuubbii ishee obsitee waggoota 18 Mana qulqullinaatti argamuun ishee
- Yeroo mara mana qulqullinaatti argamuu danda’uun ishee
- Dhukkuba ishee sababeeffachuu dhabuu ishee
- Rakkoo yeroo osoo hin taane jireenya bara baraa yaadaa jiraachuu ishee
b. Tartiiba caqasichaa teessisuu:-
Fkn:- Yaaq. 5:15
1. Amantaa
2. Kadhannaa
3. Dhukkubsataa
4. Warra fayyuu danda’an tartiibaan teessisuu
c. Caqasicha hiikuu
Fkn:- dubartiinnana maalan si biraa qaba, yeroon koo hin geenye Yoh. 2:3
- Dubartiinnana dubartii
- Maalan si biraa qaba maalan qaba
- Yeroon koo hin geenye yeroon koo hin geenye
d. Barumsa(iccitii) caqasichaa qo’achuu:-
“lammata kan dhalattan sanyii badu irraa miti” (1Pheex. 1:23)
- Waaqayyo:- abbuummaasaa, jaalalasaa, gara laafummaa, gaarummaa
- Jechi isaa kan hin badne ta’uu:- samii fi dacheen ni darbu jechi koo garuu hin
darbu.
- Jechi isaa kanaan fakkeeffamuu (Mat. 13:3)
- Dhaloota lammataa (afuurawaa) Yoh. 3:5
- Amantootni kanneen qorachuu hiikuu
Fkn biroo:- “waggaa har’aa gara mana kee nan seena” Uma. 18:10
- Keessummaa simataa ta’uu Abrahaam
- Sillaaseen mana Abrahaamitti
- Eenyummaa Sillaasee fi mul’achuun isaanii akkam akka ta’e
- Abrahaamii fi Saaraan kan dhala hin qabaanne ta’uu

Waggaa har’aa gara mana keetii nan seena jechuun isaa:-

- Yeroof ulfaa’uu fi da’uu Saaraa


- Dhaloota Kiristoos Dubroo Maariiyaam irraa

Guduunfaa:- lallabaan Abrahaam kabaja kanaaf kan gahe sababni isaa maali?
Jechuun amantoota gaafatee daqiiqaadhaaf carraa haa laatuuf.

- Yeroo mara kan Waaqayyoo yoo dhageenye


- Naamusa kiristaanummaan yoo jiraanne
- Keessummoota yoo simanne kan keenya kan ta’e hundi ni eebbifama jechuun
yoo guduunfe amantoota hedduu booji’uu danda’a.

Barumsi Dheeraan Akkamitti qophaa’a?

Lallaba kami iyyuu lallabuuf qabxii guddaan filannoo mata duree keenyaati. Kana
irratti qophii gahaa taasifnee yoo kaane milkaa’uu dandeenya.

1. Yeroo murteessuu
Yaa’iiwwan waltajjii fi oddoo tokko tokko lallabni dheeraan irratti laatama.
Qixa kanaan sa’aa meeqaa hanga meeqaa akka ta’e safaruu
2. Mata duree filachuu:-
Yeroo safaruun kan barbaachisu qixa sanaan qophaa’uu akka dandeenyuufi.
Garmalee dheerachuun ykn gabaabbachuun akka hin jiraanne.
Fkn:- kan dammaqxe ta’i
 Kaayyoo
 Seensa
 Qaama :- dammaquu jechuun maal jechuudha?
- maaliif?
-nuti maaliin haa dammaqnu?
1. Amantaadhaan
2. Jireenya gaabbiitiin
3. tajaajilaan
4. kadhannaadhaan
5. afuurummaadhaan
6. baricha booji’uun

d. Lallabni Gabaabaan Akkamitti qophaa’a?

- Mata duree gabaabaa filachuu


- Mata duree hawwisiisaa filachuu
- Fedhii dhaggeeffattootaa dhagahuu
- Ragaa gaafachuu
- Kallattiin gara dhimmichaa seenuu

Ibsi qorannichaa maali?

- Akka barumsaattii?
- Akka gorsaattii?
- Akka ragaattii?
 Walitti dhufeenya caqasichi boqonnaa sana waliin qabu qorachuu
 Caqasootaa fi fakkeenyota baay’isuu dhiisuu
 Yaada kallattii caqasichaa kaa’uu
 Caqasoota walitti dhufeenya qaban rogaan kaa’uu
 Ibsa sanyii caqasaa:-
Qophii kana keessatti wantoota afur baasuun tarreessuu:-
1. Eenyutu duubbate?
2. Dhaggeeffattootni eenyu faadha?
3. Yoom barraa’e?
4. Maaliif barraa’e?

Fkn. 1. 1Pheex. 3:18 caqasa kana kan dubbate Qul. Pheexiroosi.


- Dhaggeeffattootni kiristaanota bittinnaa’an
- Yeroo baqachuu kiristaanotaa
- Gidiraa muudateef akka ciman.

Fkn. 2. Dhugumaa duuti akkana hadhaawaadhaa? (1Saam. 15:32)

- Kan dubbate mootii alagootaa Agaag


- Dhaggeeffataan keessa mataa isaa
- Saamu’eel ajjeessuuf wayita eebuu luqqifatetti
- Bu’aan hammeenyaa akka beekamu.
2.10 Tajaajilli Lallabdootaa Dabalataa maali?
a. Tajaajila Gorsaa Laachuu
Gorsa jechuun rakkoo dhuunfaa fi hawaasaa jireenyaa guyyaa guyyaa keessatti muudatu
keessaa bahuuf qabsoo taasisu sarara qabsiisuun dandeettii fi humna ofiitti akka
fayyadamuu fi tolummaa fi gargaarsa Waaqayyootiin jireenyi isaa kan sirraa’e
taasisuudha.
Mala kenniinsa tajaajila gorsaa:-
1. Dhuunfaan:- gorsaanii fi gorfamaan kophaa isaanii ta’uun haala iccitii ta’een kan
adeemsisan tajaajila foonii fi afuurawaati.
2. Gareedhaan:- namoota rakkoo walfakkaatan qaban walitti qabuun tajaajila
laachuudha.
Gosoota Gorsaa

Kan gaa’elaa, gaddaa, maatii, barumsaa, jireenya gaabbii, dhukkubsattootaa, hojii, jireenya
afuurawaa, iccitii hirmaachuu, rakkoo saala faallaa.

Galmi gorsaa maali?

 Abbaan rakkoon muudate jijjiirama amalaa fi ilaalchaa akka fidu haala mijeessuuf.
 “ “ “ murtiirra akka gahu gargaaruu
 “ “ “ ciminaa fi dadhabina isaa akka adda baafatuu fi wanta fooyya’aa
akka raawwatu
 “ “ “ Waaqayyootti akka amanuu fi faayidaa amantaa himuu
 “ “ “ namoota amantaatti fayyadaman fakkeenyummaan agarsiisuu
Kaayyoo Tajaajila Gorsaa
 Rakkoowwan dinagdee, hawaasummaa, xiinsammuu, jireenya afuurawaa, fayyaan wal
qabatanii muudataniif hubannoo sirrii laachuuf
 Namoonni hir’ina hubannoorraa kan ka’e ofii isaanii fi namoota biroo murtii miidhuu
danda’u irra akka hin geenye taasisuu
 Namoota amantaadhaan jiraataniif rakkinni furmaata hin qabne akka hin jirre agarsiisuuf
 Kan tokkotti mul’atu kan birootti hin mul’atu ijaa ta’eef, wal gargaaruuf.
 Namootni yeroo rakkina isaanii yaada maadaalawaa waan hin qabaanneef.
Mala Kenniinsa Tajaajila Gorsaa
 iddoo mijaawaa
 mala ittiin ergaa dabarsan bilnilaan, fuulaan, xalayaadhaan,
 akka barbaachisummaa isaatti itti fufiinsaan ykn si’a tokko
 ogeessa xiinsammuu
 lallabaadhaan ykn abbaa gaabbiitiin
Qajeeltoowwan Gorsaa
- garaagarummaa namootaa kabajuu
- waliigaluu danda’uu
- iccitii eeguu
- dirqama afuurawaa ta’uu hubachuu
- murtii dhuunfaa kabajuu (yakkaa, cubbuun ala)
- namummaa irratti xiyyeeffachuu

Amaloota Gorsaa Bu’a qabeessaa

- sammuu tasgabbaa’aa
- bal’isee yaaduu kan danda’u
- haalota naannoo fi baratamaa hubachuu kan danda’e
- madaalawaa fi haqa qabeessa kan ta’e
- dhaggeeffachuu kan danda’u
- iftoomina kan qabu
- aadaa namootaa kan kabaju
- itti gaafatamummaan kan itti dhagahamu
- obsa qabeessa
- walqixummaa namootaatti kan amanu
- yaada namootaa dursee kan hubate
- namoota gargaaruuf fedhii kan qabu
- yaada furmaataa maddisiisuu kan danda’u
- jireenya isaatiin of qusataa kan ta’e.
- yeroo marii dhimmootaaf xiyyeeffannoo kan laatu
- murtii laachuurra filannoowwan kan dhiyeessu
- namootaaf jaalalaafi kabaja kan qabu
- waan hundumaatiin kan amanamu
b. kitaaba :- Qulqulloota Raajotaa irraa eegalee kan argan, dhagahan, kitaaba Qulqulluu
bu’uureffachuun Mana Kiristaanaa fi addunayaaf faayidaa kan kennan kitaabota hedduu
barreessaniiru.
Fkn. Atinaatewoos, Qul. Efreem, Yohaannis Afawarq, Qeereloos, Qul. Yaareed, Abbaa
Giyoorgis isa Gaascaa…
Lallabaan barsiisuun alatti sab-qunnamtii garaagaaraatiin kitaaba of danda’e qopheessuu
osoo danda’ee gaariidha.
Faayidaa Kitaabaa
- aadaa dubbisuu ni dagaagsa
- fedhii barachuu fi gaafachuu horachiisa
- namootaa fi iddoo hedduun gahuu dandeessisa
- hambaa ta’ee dhalootaaf darbuu danda’a

Kitaaba barreessuuf:- \

- qophii lallaba guyyaa irraa eegaluu


- kan barsiisnu/ne barreeffamaan keessa deebi’uu
- yeroo dubbisnu yaadannoo qabachuu
- gaazexaa, matsiyeetii fi barreeffama gaggabaaboon jalqabuu
- maanuwaalii leenjii qopheessuu

Kana irraa aka’uudhaan gaaf tokko kitaaba guddaa barreessuu dandeenya.


c. Leenjisuu :- bara Raajotaa:-
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos,
Qulqullootni Duuka Bu’ootaa
Biyya keenyattis Abbaa Fireeminaaxoos
Qulqulluu Yaareed
Qulqullootni salgan
Abbaa Iyyasuus Mo’aa faan barattoota leenjisaa tajaajilaaf gahaa taasisaa, lallaba
wangeelaa barreeffamaan, jechaan guutuu Ititoophiyaa akka wal gahu taasisaniiru.
Abbaa Gorgoriyoosis ibsaa gaarii Ziwaayitti qabsiisaniin sadarkaa amma irra jirurra
gaheera.
Lallabaan amma danda’etti leenji’uu, luboota, amantoota, bakka buusuutu irraa eegama.
d. Qindeessuu
Lallabni wangeelaa nama tokkoon qofa eessayyuu gahuu hin danda’u. Sangaa tokkoon
hin qotamu. Tajaajilli si’aawaa fi hunduma bira akka gahuuf hundinuu shoora isaanii
bahuu qabu.
 Bara Eeliyaas dubartittii Saraptaa
 Bara Eelsaa dubartittii Sunaamii
 Bara Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Maartaa faa fi maatii Maarqoos
 Bara Duuka Bu’ootaa Liidiyaa faa gargaartota turan.

Lallabni Wangeelaa akka babal’atuu fi Cimu:-

- Beekumsaan
- Maallaqaan
- Meeshaadhaan
- Humnaan
- Yaada gaarii fi gorsaan akka tajaajilan qindeessuu.

Faayidaa argamsiisu:

- Qisaasa’uu yeroo
- Hanqina humna namaa
- Hanqina maallaqaa
- Namoota hirmaachisa
- Miirri abbummaa akka itti dhagahamu taasisa
- Tajaajilli akka ariifataa ta’u taasisa.
- Tokkummaa, jaalala cimsa.
- Namootni akka suga argatan gumaacha.
e. Hoogganuu
Waaqayyoon Mana Kiristaanaatti tokko tokko dursee Duuka Bu’oota, itti aansees
Raajota, sadaffaa barsiisota, itti aansee raajii raawwachuu, itti aansees kennaa afuuraa,
gargaarsas, bulchiinsas, afaan garaagaraas taasiseera.(Ef. 4:11)
Hundinuu hanga kennaa laatameefiin ciminaan tajaajiluun kennaa qophaa’eef ni simata.
Tajaajila lallaba wangeelaatiin hoogganuu yoo jedhamu qaamolee gubbaatti eeraman
hoogganuu miti. Qaamotni kunneen kennaa isaaniif laatameen akka tajaajilan
qindeessuudha.
Hoogganuu kan jedhame tajaajila ofiiti “lallaba wangeelaa”. Tajaajillim lallaba
wangeelaa dhagahaa bu’uuraa mana kiristaanaa ta’ee utuu jiruu,
- Xiyyeeffaannaa kan dhabe
- Baratamaan kan raawwatamu
- Dadhabinnii fi ciminni kan hin beekamne
- Karoora, madaallii, gabaasa kan jedhamu kan hin qabne.
- Bu’aa fi kisaaraa, faayidaa fi miidhaan isaa kan adda hin bane
- Bajata mataa isaa kan hin qabne

Lallabaanis:-

- Sagantaan haguugameera akka jedhamuuf qofa tajaajila.


- Abbaa dabareetiin yoo haguugame itti gaafatamummaa iddootti argamuu hin qabu.
- Bilbilaan qofa haguugamuu isaa mirkaneessa
- Luboota qindeessee kadhannaan akka eegaluu fi xumuramu hin taasisu.
- Sagantaalee adda addaa hin qopheessu.
- Namootni isarra fooyya’an akka tajaajilan hin fedhu.
- Barnootni shakkii yoo kenname dhimma hin qabu
- To’annaa fi hordoffiin hin jiru.
- Abbaan eenyu akka ta’e hin beekamu.
Kanaaf, rakkooleen kanaafi kana fakkaatan akka hin jiraanne, akka sirratan, kan
barbaachisuu fi wanta malu (ta’uu qabu) hojii lallaba wangeelaa hojjachuu jechuudha.
KUTAA SADI
SHAAKALA LALLABAA
Tokkoon tokkoon leenji’aa:-
1. Barnoota itti fufaa
2. Lallaba barnootawaa
3. Lallaba dheeraa
4. Lallaba gabaabaa
5. Barumsa guutuu qopheessuun barsiisuutu irraa eegama.
Filename: hawariawi teleko oromegna - Copy (2)
Directory: C:\Users\admin\Desktop\Ortho doc\Mk manuals\different document
2\oromrgna document and amharic document
Template: C:\Users\admin\AppData\Roaming\Microsoft\Templates\Normal.dotm
Title:
Subject:
Author: Muleta
Keywords:
Comments:
Creation Date: 7-8-14 8:45:00 PM
Change Number: 97
Last Saved On: 5-11-14 10:22:00 AM
Last Saved By: Mezmur
Total Editing Time: 32,109 Minutes
Last Printed On: 23-7-16 8:27:00 AM
As of Last Complete Printing
Number of Pages: 62
Number of Words: 13,371 (approx.)
Number of Characters: 76,220 (approx.)

You might also like