You are on page 1of 113

SAGALEE

FAARFFANNAADHAAF
VOCAL 4 SONGS
SAGALEE
FAARFFANNAADHAAF
Vocal 4 Songs
QABIYYEE AARTII
— Aartiin Beekumsa obsaan argamudha.
! Sagaleen meeshaa muuziqaa namni kamuu qabu dha.
! Muuziqaan Sagalee(vocal music) hubannaa fi mul’ata namoota
afuuraa waa’ee waaqayyoof qaban, seenaa dhugaa mul’atee kan
namoonni waaqayyoo waa’ee waaqayyoo, saba waaqayyoo fi
qabeenyaa waaqayyoo(iddoo, yeroo, amala, kkf) ittin ibsani dha.
! Gareen faarffachuu jechuun carraa dandeettii farfattoonni
dhuunfaan qaban bifa qindaa’een gurmuu leenji’aa ta’ee fi
namni dhuunfaan gurmichaaf baay’ee barbaachisaa ta’en
gurmaa’uudhaan farffachuu jechuudha.
! Muuziqaan Sagalee (vocal music) barnoota hunda waliin kan
walitti hidhatamee baratamuu dha.
NAMA BAAY’EE BEEKAMAA TA’UUF
1. Akkuma meeshaa muuziqaa kamittuu, namni
tokkoitti fayyadama sagalee barachuudhaan
akkataa meeshaan muuziqaan hojjetuun
hojjechuu
2. Muuziqaa sagalee akkaatee/sharbee/ genres or
styles/ garaagaraa beekuu
3. Sagaleen fageenya garaagaraa akka qabu
beekuu fi leenji’uudhaan shakkalli gochuu
4. Boca aartii muuziqaa beekuudhaan ittiin
hojjechuu
SAGALEE NAMOOTAA
— Namni kamuu sagalee qaba. Garuu, namoonni
akkataa itti fayyadama sagalee barataanii ittiin
hojjetan muraasa. Kunis yeroo farffannaa
farffaannuu sagaleen fayyadamnuu fi yeroo
dubbannu sagaleen fayyadamnu garaagaraa
ta’uu isaa hundi keenya ni beekna.
— Rakkinni cimaan yeroo dubbannuus ta’ee yeroo
faarffannuu mul’atu akkataan itti fayyadama
sagalee keenyaa fi jechoonni nutti
dhageessifnus bifuma uumaaman shakkalle
ta’uu isaati.
Itti fufe

Dubbachuufis ta’ee farffachuuf waantonni armaan gadii qaama keenya keessatti ni


rawwatamu.
Isaanis
— Karaa afaanii fi fuunyaan keenyaa qilleensa alaa gara keessatti sombaa keenyatti ni
fudhanna. Yeroo kana diyyafiraamiin ni diriirfata.
— Kontonfachuu diiyafiraamiitiin qilleensi garaa keenya keessa gara sombaatti ,
sombarraa gara alaatti ni baafama.
— Qilleensi sombaa keenya keessaa gara alaatti baafamu karaa ujummoo sagalee
mashaalee QOKKEE/larynx/ keenyaa hollachiisuudhaan sagalee uuma.
— Qokkeen keenyaa mashaalee naannoo ujummoo sagalee jiraan yeroo ta’u sagalee
karaa afaaniitiin bahu to’achuudhaaf gargaara.
— Kanaafuu akkuma atileetotni sochii fi shakkallii qaama taasisan maashaleewwan
kana shakkallii garagaraa /shakkallii sagalee oo’iiftuu/vocal warm-ups/ fi akaatee
dubbii shakkaluudhaan farfataa cimaa ta’uu ni dandeessa.
Dubbiifamtoota afaan oromoo bakka uumamsaa isaanii fi akkataa uumamsa isaaniitiin adda
baasuudhaan shakkali
Akaataa
uumamsaa
Bakka uumamsaa
hidhlamee hidhilkee irgee laagee harsasse kokkee
Cufaa
b,ph d,n k,g,q
Lootuu
f s,z sh h
Rigduu
c,h,j
Funyee
m n ny
Bate
r
Cinee
l
w y w
Gamduubee
Dubbifamtoota haala dibbee sagaleetiin
Walitti siquu amartii dibbee sagalee Walittii(walirraa) siquu amartii dibbee Walitti maxxanuu amartii dibbee
sagalee sagalee
Xiixaa (voiced(hollanna ykn kirkira Mixxiixaa (voiceless) Dhootuu
(vibrato) qabu

N,m,ny,d,z,b, Ph,x,c,q,dh,t, Ph,x,c,q,dh


g,l,w,y,r,j k,s,sh,f,ch,h
Dubbachiiftoota afaan oromoo dheereessuu fi gabaabsuun bakka uumama
isaanii shakkali
Sochii arrabaa Gabaabaa Dheeraa Sochii arabaa Gabaabaa Dheeraa
olii fii gadiitiin fuldura fi duubatti
Dubbachiiftoota i,u ii,uu Dubbachiiftoota i,e ii,ee
olii duree
Dubbachiiftota e,o ee,oo Dubbachiiftota a aa
gidduu walakka
Dubbachiiftoota a aa Dubbachiiftoota u,o uu,oo
gadii duubee
FAGEENYA SAGALEE MUUZIQAA
/vocal music range/
— Fageenyi sagalee faarffannaa fageenya
kissaga/reenjii/(pitches) ol ka’aa fi gad bu’aa kan namni
farfaatu tokko rakkina tokko malee itti tolee sagalee
uumuu danda’udha.
— Dubartootni fi ijoollonni uumamaan fageenya sagalee ol
ka’aa ykn qal’aa irratti akkasumas immoo dhiironni
fageenya sagalee gadi bu’aa ykn furdaa irratti sirritti
faarffaachuu danda’u. Fkn meeshaalee muuziqaa kan
akka gitaara yoo fudhanne shiboon furdaa fi dheeraan
sagalee gad bu’aa ykn furdaa akkasumas shiboon qal’aa
fi gabaabaan sagalee ol kaa’aa ykn qal’aa uuma.
— Kanaafuu Sagaleen fageenya garaa garaa irratti akkataa
dhageessifamuun addaan baafamee ramaddii qabaata.
Ramaddiiwwaan yagutoo ykn gamtaadhaan beekamaa ykn waltawaa ta’anis

1. Sagalee baay’ee Qal’aa (soprano)


Sagalee fageenya baay’ee olka’aa irratti dhageessifamu sagalee dubartii isa ol ka’aa ykn
qal’aa
Soprano A-B-FLAT-B (naturally a soprano you would not be able to sing an extremely
low note)
2. Sagalee Qal’aa (Alto)
Sagalee fageenya ol kaa’aa kan sagalee baay’ee qal’aa gaditti
dhageessifamu , sagalee dubartii isa gad bu’aa ykn furdaa
Alto E-F-F-SHARP above middle C
3. sagalee qal’aa dhiiraaf (Tenor)
Sagalee dhiiraa fageenya sagalee dubartii isa gadi aanaatii gaditti
dhageessifamu sagalee dhiiraa isa ol ka’aa ykn qal’aa
Tenor E-F-F-SHARP above middle C
4. sagalee xinnoo ykn furdaa (bass)
Sagalee fageenya gad bu’aa irratti dhageessifamu. Sagalee dhiiraa isa
gad aanaa ykn furdaa
Basses A-B-FLAT-B below middle C
Kanneen biroo

" Sagalee Furdaa Jiddu Galeessaa Dhiiraaf (Baritone)


sagalee giddu galeessaa (tenor) fi sagalee xinnoo (bass)
jidduutti dhageessifamu
Baritones C-sharp-D-D-sharp above middle C
" Sagalee Baay’ee Qal’aa Dhiiraaf (Countertenor)
sagalee dhiiraa leenjifamuudhaan sagalee baay’ee qal’aa
ykn baay’ee ol ka’aa dhageesisuu danda’u.
" Sagalee baay’ee qal’aa fi qal’aa jidduu (Mezzo-soprano)
sagalee fageenya baay’ee olka’aa fi ol kaa’aa jidduutti
dhageessifamu
Mezzo Soprano G-G-sharp-A
" Sagalee giddu galeesa ol ka’aa (Treble) or (high tone)
sagalee giddu galeessaa fi qal’aa jidduutti kan uumamu
GULANTAA FAGEENYA
SAGALEE (VOICE
REGISTERS)
Sagalee xinnoo (vocal fry):-
fageenya sagalee gad bu’aa irratti kan dhageessifamu dha.
sagalee yeroo namoonni rafaani kurufaanii uumamuu dha.
Sagalee dhagna namaa suukkanneessu (raspy sound),
sagalee iyyaa ykn wacaa (screaming sound) gulaantaa biraatti
dabaluuf gargaara.
Kunis muuziqaa sagalee ol ka ’ aa ykn iyyaa (rock music) fi
muuziqaa sagaleen gadi fageenya qabuu fi gargaar hin citne
dhageessifamu (roll music) keessatti fayyida gudda qaba.
Sagaleen kun qoonqoo ykn kokkee walciniisisuudhaan clench
throatsagaleen muuziqaa adda cite akka dhagayamu
dirqamsiisuudhaan dhageessisuu (force out the broken up
tone)
Sagalee laphee ykn qomaa (chest
voice):-
— Yeroo laphee kee irra faarffattuu amartiin dibbee sagalee (cords)
walirra(walittii) siqu.
" Qilleensi guutuummaan guutuutti dibbee sagalee keessa darba.
Akkuma maqaan isaa ibsu sagalee gad fageenyaa fi guutuu ta’e dha.
" Waldaa keessaatti yeroo faarfaatootni gurmuudhaan farffatan dhiironni
sagalee laphee irra faarffatu.
" Sagaleen moorsaa qulqulluun (resonance) laphee olii keessatti,
amartii dibbee sagalee gadii ka’uudhaan kallatumaan afaan keessaan
utuu laagaa duubaatt hin dhaabatiin baha.
" Sagalee laphee bira erga geessee sagalee ol ka’aa humnaan bahuun
sin barbaachisu gara sagalee giddutti jijjiri.
" Erga shakkallii geggessitee booda sagalee moorsaa qulqulluu akkuma
sagalee jidduu fi sagalee mataa uumuu dandeessa kunis duuba laagaa
keessa sagalee dhageessisuu fa’a.
Sagalee gidduu /wal makaa/
(middle or mixed voice)
# Sagaleen gidduu sagalee qulqulluu sagalee
laphee fi sagalee fiixee qaba.
# Sagaleen gidduu baay’ee jabaa ta’e tokko laphee
olii keessaatti amartii dibbee sagalee gaditti qofa
utuu hin ta’iin isaa olitti duubaa laagaasagalee
moorsaa qulqulluu (resonate) yeroo dheeraaf
turuu danda’u dhageessisuu danda’a.
Sagalee mataa (head voice):-
# Sagaleen gidduu hanga isaa yeroo gahe amartiin dibbee
sagalee cufamuudhaan sagaleen gara mataatti akka
darbu ta’a.
# akkuma maqaa isaa ibsu sagalee moorsaan qulqulluun
hedduminaan mataa keessatti muraasni laphee keessatti,
fi laagaa duubatti hanga tokko ni uumama.
# Sagaleen kun sagalee shamarraan yeroo gurmuudhaan
waldaatti faarffatan kan dhaggessisani dha.
# Sagaleen kun sagalee salphaa (light sound) fi xiqqoo kan
iyyuu kan akka uleelee (flute) yoo sirriitti akka faarffachuu
barbaadee sagalee kee gara sagalee fiixee wal makaa
qabutti guddifachuun barbaachisaa dha.
Sagalee Caraanaa
(Whistle Voice)
Sagaleen kun akkatee mataa isaa kan qabu dha.
# Sagaleen kun sagalee qal’oo guddaa caraanuu,ykn fooricuu dha.
# Kana jechuuf amartiin dibbee sagalee akka salphaatti dadacha’uu fi
diddiiriiruu kan danda’u yoo ta’ee fi cufuudhaafis dandeetti yoo
qabatee qofa.
# Amartiin dibbee sagalee cufaamee deebi’suudhaan banuu fi caraanuu.
Ammas Qilleensa xiqqoo fayyadamuudhaan gulantaa fageenya sagalee
ol bahuu. Kanas to’achuun gulantaa kana cimaa isa taasisa.
# Nootaalee muuziqaa gamtaadhaan faarsaman qaamoolee sagalee
waliin walitti hidhuudhaan fageenya sagalee dhageesisuu qofa utuu
hin ta’iin hanga dhiibbaa qilleensa(afuura) sirrii ta’ee beekuudhaan
amartii dibbee sagalee utuu humnaan akka gargaar fagaatu hin godhiin
faarffachuu barbaada.
Itti fufe
# Yoo sagalee akkasii qabaattee qilleensa xiqqoodhaan
suuta jedhiitii amartiin dibbee sagalee akka gargaar
fagaatuu godhi malee humnan hin fayyadamiin.
# Akkasumas amartiin dibbee sagalee akka walitti
maxanuu gochuudhaan qilleensa gahaa kennuudhaan
sagaleen akka uumamus godhi.
# Sagalee qal’aa ykn ol ka’aa faarfachuudhaaf sosochii
qaamaa gochuun itti of gadi dhiisuu fi diibbaa qilleensaa
irra kukutuu danda’uu qabda.
# Kunis sababbii amartiin dibbee sagalee gabaabatuuf
ta’a.
# Maashaa gabaabaan sagalee dhageessisuudhaaf
qilleensa xiqqaa barbaada.
# Kunis hanga qaawweessuu(riddle) ti.
Itti fufe
— Yoo faarffannaan seeraan geggeeffameera ta’e hanguma kissaga ol
bahaa adeemtuu fi sagalee moorsaa qulquulluu argattuu, sochii
qaamaa xiqqoo kanneen akka fuula gammachuu ykn gaddaa
agarsiisuu(facial expression) fi harka ol kaasuu itti dabaluudhaaf
yaalii gochuun gaarii dha.
— Fiixee Kissaga olii yeroo geessuu maashalee humnaan hin
dirqamsiisiin.
— Yeroo jalqabduus maashaalee keessatti xiqqoo ta’ee akka dhagayamu
godhi.
— Iddoo sagalee hin dhageessifne irra deebi’uudhaan jedhi hanga
kanaatis kissaga oli akka tuquu qabda. Kunis amartiin dibbee sagalee
kee gara baay’ee walitti maxxanuutti ce’aa adeema.
— Suuta suuta qilleensa dabaltu baay’isuu fi sagalee moorsaa
qulqulleessa deemuun bakka ta’uumsa amartii dibbee sagalee iddoo
isaatti eeguudhaan utuu gara sagalee soobaa ykn sagalee caraanutti
hin ce’in faarffadhu.
Sagalee Sobaa (Falsetto):-
" Yeroo namoonni konkalaataa keessaa, radiyoo,
televiziyoonaa, mobayilaa keessaa faarffannaa
faarffatamuu duukaa kissaga eeguudhaan garuu humna fi
sagalee moorsaa qulqulluu malee faarffaatan sagaleen
isaan itti fayyadaman sagalee sobaa ti.
" Kun sagalee namoonni akkamitti kissaga ol akka bahan
beekuu dhabuu irraa kan ka’an wajjin deemuu qofan ykn
addan kuutuudhaan farffatani.
" Sagaleen sobaa gulaantaa sagalee utuu hin ta’iin sharbee
(style) wayiitii.
" Bahiinsa fiixee amartii dibbee sagalee irratti sagalee
muuziqaa(tone) uumamuu dha.
" Sagalee kun faarffatota jalaa qabuu fi sagalee dhugaa
wajjiin faarffachuuf gargaara.
Qajeelfamota Shakkallii
Farfaannaan dubbii kissaga eeguudhaan geggeffamuu dha. Hiriyaa kee
daree keessaa akka nama diree taphaa jirutti sagalee kee ol kaastee
waamuu jechuu dha.
— Qilleensa gara keessatti ol fudhadhuu, afaan kee banadhuutii maqaa
YESUS sagalee mataa/head voice/ keessaan ol kaasii waami.
— Ammas irra deebi’i waami yeroo kanaa garuu kissaga ykn reenjii
maqaa yesus jedhu tursisuudhaan waamii xumuri
— Amma immoo akka nama kubbaa miila ykn kubbaa kachoo darbatutti
sagalee kee darbadhuutii waami.
— Sagaleen kee akka sirritti ol ka’uuf harka keetti fayyadamuudhaan
dhageessisi, ittuma dabalii ol kaasii dhageessisi. Kunnin hunduu
shakkalii garaagaraa barbaachisa. Kanaafuu shaakkallii sochii qaamaa
fi sagalee gochuun barbaachisa dha.
Qaljeelfamoonni shakkalli dimshaashaatti
qajeelfamoota armaan gadii of keessatti qabaatu

1. Qajeelfamoota sirna argansuu (breathing). Daayaframii


irraa afuurfachuu sagalee jabaan deeggarsa cimaa
barbaada.
2. Qajeelfamoota dhaabbannaa qaamaa
3. Qajeelfamootanootaalee muuziqaa gamtaadhaan
faarsaman qaamoolee sagalee waliin walitti hidhuudhaan
fageenya sagalee dhageesisuu(cord adducting). Yoo
fageenya sagale kee gabaabsite malee, nootaalee sagalee
qal’aa ykn olka’aa (high notes) tuuquus hin dandeessuu.
Kanaafis yoo laphee kee ol kaaste fi sagalee kee baay’ee
dadhaabaa gootee malee ceesisaa kees laafaa gochuu hin
dandeessu.
Itti fufe
4. Qajeelfamoota to’annaa qokkee (larynx control)
Guutummaan guututtii sagalee muuziqaa(tone)
kee to’achuu fi guutuu ykn qal’aa gochuuf kallattii
argama qokkee beekuun baay’ee barbaachisaa
dha.
5. Qajeelfamaa sagalee moorsaa
qulqulluu(resonance) sagalee qulqullina qabuu fi
gurra nama dhageeffatuu keessatti waa uumuu
danda’uu dhageessisuuf qajeelfamoota armaan olii
karaa sirrii ta’een hojiitti hiikuudhaan to’annaa
sagalee kee haalaan guddisi.
Qajeelfamoonni Shakkalliiwwaan armaan gadii
dandeetti qabnu fooyyeessuudhaaf kan gargaaran
waan ta’aniif duukaa bu’uudhaan shaakali.
SIRNA ARGANSUU
— Sirna argansuu keessatti diiyaafiraamii irra
afuura baafachuun nama sagalee leenjiisuus
ta’ee nama sagalee baratu biratti dogogoraan
hubatamaa kan ture dha. Leenjistoonni tokko
tokko guutummaan guutuutti qilleensa ala irra ol
fudhachuudhaan garaa kee guutuudhaan
deebisitii humnaan gadi baasi jedhanii barsiisu.
Kuni immoo dogogora guddaa dha. Sababiin
isaa malli akkasii kun kokkee ykn
qoonqoo(throat) fi qokkee(larynx) akka ciniinee
wal qabatuu, ykn qilleensi bilisaa battalatti akka
yaa’uu godha.
SHAAKALA 1.
Ambiiroo
Dhaabbanaa
(the basic stance )
SH1
—Faarffanna tokko shakkaluufis ta’e faarfachuu
keetiin dura qaama kee oo’isuu taasumaa hin
dagatiin yookiin hin dhiisiin. Dursanii qaama
oo’isuun dhiigni qixa sirrii ta’een akka gara qaama
hundumaatti dhangala’uuf gargaara. Kanaafuu
shakkaliin kun qaama oo’isuudhaaf kan
gargaaranii dha.
1. Qixa sirrii ta’een dhaabadhuu
2.Miilla kee lamaan xiqqoo hanga gateetiin kee
gargaar fagaatuu addan siqsi,
SH1
3. Qaamni kee madaalli isaa kan eegate fi kan qophaa’ee ta’uu qaba.
Ulfaatinni qaama kee miilla lamaan irratti wal qixa hiraamuu qaba
malee gara miila tokkoo qofatti duufuu hin qabu.
4. Miilla kee qixa sirrii luqeettuuttiin dhaabi
5. Laphee keen of boonsuudhaan dhabaadhu garuu gogogaa fi akka
loltuu ykn akka nama suura ka’uu fakkeessuu hin qabdu. Akkuma
nama deemuudhaaf qophaa’uu godhi
6. Luqeettuun kee fi gateettin kee qixa sirriitiin wal akka argatuuf harkii
kee lamaan cinaachaa cinaadhaan gad diriiruu qaba.
7. Kanaafu gara fuula duraa fi gara dubaatti akkasumas gara mirgaa fi
bitaatti mudhii kee momoquudhaan shaakkali.
8. Jilbi kee xiqqoo dachaa’uu qaba
9. Lafeen mudhiif suduuda gidduutti argamu(pelvis) gamisaan gadi
sochoosuu baay’inaan baafadhu.
SH1
10. Miqiqqiriin kan akka funyoo ykn haada ol dheeraa
guduunfaa qabuu ti. Lafee duguguuruu kanmorma irra
gadi hanga mo’ootti olitti jiru sirnaan wal utubuudhaan
qixa sirritti dhaabamuu qabaa malee gamisaan duufuu
hin qabu.
11. Mataan morma gararraatti madaallii kan eege ta’uu qaba.
12. Gateetti fuulduraa fi duubatti lalafisuun xiqqoo
nanannessii
13. Irreen kee lallafee gara cinaa keettii diriiruu qaba.
14. Harki kee fi qubni harkaa kee hunduu sosocho’ee
lallafuu qaba.
SH1
15. Mashaaleen fuula kee hundi isaanii lallafuu qabu. Mangaggaan
laafee afaan addaan banamee lallafuu barbaachisa. Kanaafu quba
harkaa dursa 4 cibsinee utuu hin taane dhaabiidhaan afaan
seensisuu, dabaluudhaanis suuta jechuun quba tokko itti
dabaluudhaan shakaluu
16. Afaaniin qilleensa ol fudhaachuu
17. Qilleensa ol fudhaachaa jirtu arraba kee irratti dilaalaa’aa ol
lixuudhaan qaama kee hundaatti (harka , miilaa fi mataa utuu hin
dabalatiin) dhaga’amee garaa kee guutuu godhi. Qilleensi ol
fudhattee sana deebisiitii garaa qoqeessuudhaan, qilleensi oo’aan
arraba irratti akka dhaga’amu gochuudhaan gad baasi
18. Qilleensa gad fageenyaan ykn baay’inaan ol fudhadhu. Qilleensichaa
deebisiitii gad fageenyaanykn baay’inaan baafadhu.
SHAAKALLII 2
SAKATA’INSA
SAGALEE GOCHUU
(THE VOCAL CHECK)
SH2
— Sagaleen kee sirrii ta’uu fi sirrii dhiisuu xiinxaaluun
barbaachisaa dha. Kana gochuun akka nama
waltajjii geggeessutti akkam bultaan nagaa keessanii
maqaan koo…………abaluu abaaluun jedhama
jechuuti.Kanaafis sagalee kee oo’isuu fi laaffisuu
qabda. Humnaan hin shaakaliin. yoo dhukkubbiin
sitti dhagayame guutummaatti dhaabuudhaan
daqiiqaa 15 (kudha shan) booda itti deebi’i shaakkali.
Ammas deebi’ee yoo si miidhe guyya sanaaf dhiisi.
SH2
— Tartiiba kana armaan gadii hordofi
1. Shakkalli ambiiroo dhabaannaa taasiisi
2. Qillensa gara keessatti ol fudhadhu
3. Qilleensa ol fudhatte erga gadi baastee booda deebi’ii
waan jechuu barbaadde jedhi
4. Fakkeenya farfaannaa jechuu barbaadduu jedhi
shaakali.
5. Yaada sammuu kee keessatiiin akkamitti akka jechaa
jirtu xinxaali kanaas bakka sagaleen boqote, hangam
akka miidhage, hangam akka dhaga’aames ilaali.
6. Suuta jechuudhaan qilleensa ol fudhadhuutii gadi baasi
SHAAKKALLI 3
GATEETTII YKN
GURMUU KAASUU
(SHOULDER RAISES)
SH3
Muddamni sosochii qaama qofaan
kan furamu utuu hin taane sochiin
sagalees barbaachisaa dha. Bakki
jalqabatti muddamni mudatu immoo
gateetti ykn qoyiirara keenya.
Shakkalli armaan gadi taasisi
1.Shakkalli Ambiiroo dhabaannaa
taasiisi
SH3
2. Gatiitti kee ol kaasuudhaan hanga morma kee
haguugutti ol qabitii gurra kee xuqi. Lakkoofsa
15 irraa kaasi asi gadi 14,13,12 , …..1tti
lakkaawaa tursiisi.
Yaadachiisa
yeroo shakkala kana taasiftu sirna argaansuu
kee hin qabin/qilleensa ol fudhadhuutii gadi
baasi/ qaama kee keessa gatiitti malee kan
biroo hin sosochosiin
3. Qilleensa ol fudhadhuu gadi baasi gatiiti kee
gad deebisi
Yaadachiisa
Gatiitti kee callistee daftee gadi hin buusin morma
kee dheeressuudhaan suuta jedhitii gatiitti kee
“gadi” fi gara duubaatti sossochoosi.
4. Muuddamni qaama kee gara biro irra akka jiru
sakkata’i. yoo jiraate qilleensa gara keessatti
gara qaama muddamni mudateetti ol
fudhadhutii deebisii gadi baasi
SHAAKKALLI
4.
MATAA
NAANNEESSUU
(HEAD ROLLS)
SH4
— Shakkaliin mataa sochoosuudhaan, morma
naanneessuudhaan mataan akka gangalatu gochuun kun
shakkaliiwwaan ispoortii kannen akka kubbaa miillaa,
jiminaastikii, fi waldhaansa fayyaa kan midhamni mormaa
ittin yaalamu keessaatti illee shakkallii baay’ee beekama
dha.
— Shakkalliin kun muddama morma keessatti uumamu
salphisuuf kan gargaaruu fi miidhama kan ittisuu dha.
— Itti dabaaluudhaanis maashaalee naannoo ujummoo
sagalee jiraaniif gargaara.
— Maashaleen kunniin yeroo muddamni isaan mudatu
ujummoo sagalee dhiphisuudhaan sagaleen qal’aa, rifataa
fi kan miira namatti hin tolle akka uumamu godhu.
SH4
Tartiiba shakkallii mataa gangalchuu
1. Shakkallii ambiiroo dhaabbannaa taasiisi
2. Mataa kee gadi qabuudhan hanga maloolee ykn
shangoobata (English ‘chin’, Amharic ‘ageci’) kee qoma
ykn laphee kee tuqsiisuudhaan naanneessi. Shakkallin
kun shakkalli gidduu jedhama.
3. Mataa kee gara gurra kee mirgatti qabiitii gateetti mirga
tuqsisuudhaannaanneessi. Mataa kee gara shakkallii
gidduutti deebisuudhaan boqochiisi.
Yaadachiisa
Gateetti kee gara gurratti hin fidiin akkuma gadi diriireetti shakaluu qabda.
Funyaan kee gateettii keetiin hin tuqiin.
SH 4
4. Mataa kee gara gurra kee bitaatti qabiitii gateettii bitaatti
tuqsisuudhaan naanneessi. Gara shakkallii gidduutti
deebisuudhaan boqochiisi.
Yaadachiisa
Tartiiba 3ffaa yaadadhu.
5. Tartiiba 3 fi 4 irra deddebi’uudhaan shakkali.
— Suuta jechuudhaan sirna argaansuu kees hir’isaa adeemi.
— Qilleensi gara keessatti ol fudhattu xiqqeessaa
xiqqeessaa adeemuudhaan gadi fageenyaan fudhadhu.
— Akkasumas qilleensa akkuma ol fuudhatee
caalmaadhaan gad baasi
SH4
6. Mataa kee gara dugda duubaatti qabuudhaan
buuqqee mataatiin dugda gara olii isaa irra
boqochiisi. Shakkalliin kun jidduu galeessa
duubaa jedhama.
7. Mataa kee gara gurra kee mirgatti qabiitii
gateetti mirga tuqsisuudhaan naanneessi.
Mataa kee gara shakkallii gidduu galeessa
duubaatti deebisuudhaan boqochiisi.
Yaadachiisa tartiiba 3ffaa hordofi
SH4
8. Mataa kee gara gurra kee bitaatti qabiitii
gateettii bitaatti tuqsisuudhaan naanneessi.
Gara shakkallii gidduu galeessa duubaatti
deebisuudhaan boqochiisi. Yaadachiisa
Tartiiba 3ffaa yaadadhu.
9. Tartiiba 7 fi 8 irra deddeebi’uudhaan shaakali
10. Muuddamni qaama kee gara biro irra akka jiru
sakkata’i. yoo jiraate qilleensa gara keessatti
gara qaama muddamni mudateetti ol
fudhadhutii deebisii gadi baasi
SHAKKAALLII
5
AFUURA GAD FAGEENYAAN FUDHAACHUU
(THE DROP DOWN )
SH5
— Shakkalli kee keessatti sirna argaansuu sirrii
kan geeggessitu yoo qilleensa karaa afaanii ol
fudhachuudhaan kallattiidhaan gara
diyaafiraamiitti gad fudhachuudhaan sirritti
shakkalte qofa.
— Qilleensa haalaan ykn qixa sirrii dhiibbaa malee
ol fudhachuun qaamni keenya akka
hiikamuugochuu irra darbee sagalee keenyaaf
baay’ee barbaachisaa dha.
— Akkuma Konkolaatan deemuudhaaf bobaa’aa
barbaachisuu, sagalee keenyaafis afuurri
baay’ee barbaachisaa dha.
SH5
— Afuura gadi fageessinee fudhachuun keenya kan
haala gaariitti beekamu yoo qilleensi ol
fudhannee gadi fageenyaa gara ribuuwwaani fi
buusaa lafee cinnaachaa ykn dirraa (intercostal
muscles) keenyaatti fudhatamee malee yoo gara
laphee ykn qoma keenyaa isa gara olitti (upper
chest) fudhatamee miti.
— Dandeettii guutummaatti Qilleensi al tokkicha
seeraan gadi fageessitee ol fudhatee yeroo
dheeraa tursiisuu shakaaluun gita dubbii keetiif
akka si gargaarutti haala ta’uumsaa fi dhaabbii
sirrii qabaachuun barbaachisaa dha.
SH5
Tartiiba shakkallii afuura gadi fageessaanii
fudhachuu
1. Shakkallii ambiiroo dhaabbannaa taasiisi
2. Mataa kee gadi qabuudhan maloolee ykn
shangoobata (English ‘chin’, Amharic ‘ageci’)
kee qoma ykn laphee kee tuqsiisi
3. Harka kee jabeessitee qabuudhaan (quba
harkaa lamaanii wal keessa naqachuudhaan),
sargeeggii kee ittin qabachuudhaan, baruu
harkaa kee lamaan immoo morma kee karaa
bitaa fi karaa mirgaatiin qabsiisuudhaan
qabadhu.
SH5
4. Ulfaatina mataa kee akka eeguu danda’utti ulfaatina
harka keetiif eeyyama kennuudhaan hanga
duguguuruun dugdaa keetii gad golboobutti gad jedhi.
" Harka kee gad lakkisuudhaan irree kee fi harka kee gadi
rarraasi.
" Yeroo kana qaamni kee boca garagaltoo qubee
‘‘V’’bal’aa isaa (relaxed inverted V ) jechuun ‘‘^’’ta’uu
qaba.
" Miilli kee lafa irratti sirnaan diriiree, Jilbi kee lamaan
dacha’ee, hudduun kee kan ol ka’ee fi qaamni gara olii
hundi isaanii gad golboobanii gubbeen fiixee mata kee
gara lafa argiisiisuu qaba.
"
SH5
— Yaadachiisa
$ Kun heetoo ykn dorgommii nama Charles atlas
jedhamu sanas miti.
Kanaafuu
$ Yoo Qubni harka kee lafa tuqe baay’ee gaarii ta’a.
$ Yoo jilba kee irra fagaatanis,
$ yoo laphee keetti maxxanuu baatani fagatanis gaarii dha.
$ shakkalli kanas hanga dandeettii keetii qofa rawwadhu.
$ Ofi dhiphisuudhaan sagalee kee irratti rifannaa fiduu waan
dandeessuuf utuu dhukkubbin sitti hin dhaga’amiin
shakkali.
SH5
5. Si’aa baay’ee irra deddeebi’uudhaan qilleensa
ol fudhaachuu fi gad baasuudhaan sirna
argaansuu sirri taasisi. Qilleensi ol fudhatte
kunis ribbuuwwan kee fi dugda keetti
dhaga’amuu qaba. Kanaaf akka hubatuuf harka
kee dugda kee irra jidduu caasaa lafee
cinaachaa(rib cage) fi dhuma miqiqqirii ykn
lafee mo’oo (tailbone). Yeroo qilleensa ol
fudhattuu dugdii kan akka diriirfatu fi yeroo
qilleensa gad baaftu immoo akka kontonfatu
sitti dhaga’amuu qaba.
6. Gara ambiiroo dhaabaannatti deebi’i. qilleensa
baay’inaan ol fudhaadhuutii gad baasi.
SH5
7. Dhiibbaan qaama kee irra akka jiru sakkata’i. yoo jiraate
qilleensa ol fudhadhuutii gad baasi.
Yaadachiisa
Miilli kee lamaan haalan qophaa’ani kan hollatan yoo
ta’aan baay’ee gaarii dha, waan nama yellaasisuus miti.
Akkas gochuu keetiin immoo qilleensa baay’inaan
qabachuu fi baaasuudhaaf si gargaara.
Qalbiitti qabadhu:- shakkalliin kun shaakkallii daree
qiriphaa ykn jiminaastiikii iddoo itti yoo qormaata
dadhabdee kan ittiin kuftu miti.
8. Qilleensa baay’inaan ol fudhadhutii deebisiigara alaatti
afuuraa dheeraa baafadhu
SH5
9. Suuta (namoota tokko tokkoof harka sadi suuta)
Sochoo’uudhan gad jedhi. Ol jechuudhaan
bakka keetti deebi’i kanas mudhii kee qofa
dhommoksuudhaan dabareedhaan lafeewwaan
dugdaa hundi akka socho’aniitti yeroo tokkootti
lafee dugugguruu tokkoof qofa hanga lafee
duguggura isa torbaffaaisa kan mormaatti akka
nama funyoo guduunfuutti ykn maruutti jedhi.
Irreen kee fi gateettiin kee iddoo dura bu’uura
dhaabannaa sanatti deebi’uu qaba
SH5
10. Dhuma irratti mataan kee madaalli isaa eegatee morma kee
olitti akka bololi’u godhi.
Yaadachiisa
o Yeroo shakkallii kana taasiftu hariiroo argaansuu waliin
qabdu akka durii isaa akkataa shaakkallii sagalee baay’inaa
qabachuu dandaa’uu sanatti eeguun barbaachisaa dha.
o Tartiiba isaa yoo dogogoorte dhaabiitii qilleensa ol
fudhadhuu gadi baasii tartiiba 7 irra deebi’uudhaan shakkali.
o Yeroo gara sochii mataatti deebitu humnaatti fayyadamtee hin
darbatiin .
o Harka kee wal keessa naqachuudhaan yeroo muraasaf yoo
mataa kee qabattee hanga guutumaan qaama keetti akka
tartiiba 3 fi 4 tti taasisi, bilisummaanis sitti haa dhaga’amu
SHAKKAALLII 6

SAGALEE SIRNAAN JECHUU


(TOUCHING THE VOICE)
SH6
" Yeroo maashaaleen qaamaa kee fi maashaleen
sirna argaansuu kee lallaafu, sagalee kee fi
qaama kee oo’isuudhaaf si qopheessa.
" Qaama utuu hin oo’isiin sagalee jechuuf yaaluun
qaama kee irratti carraa muddama ykn ciinqii
dabaluuf si saaxila.
" Sagaleen sirnaan jedhameera kan jedhamu yoo
sagalichi dhaga’amee sun ifa (to’annaa malee,
bilisa ta’e), salphaa fi bashaanansiisaa ta’e dha.
SH6
— Dhaga’amuu ykn bahuu sagalee beekuuf dursa
ol kaasanii iyyuun hin barbaachisu. Garuu
suuta jechuun shakkaluudhaan gahumsa
horachuun ni danda’ama. Kanaafu
shakkaliiwwan armaan gadii hordofuun
faayidaa qaba.
Qilleensa karaa afaan keenyaa ol
fudhaannee gad baasuu qabna.
ITTI FUFE

Qilleensi ol fudhannee arraba keenya irraatti


qorree nutti dhaga’aamuudhaan ujummoo
sagalee keessaan gara garaa keenyaatti akka ol
seenuu gochuu
Qilleensi ol fudhatamee garaa keenya keessa
suuta karaa ujjumoo qilleensa gara alaatti yeroo
baafamu arraba keenya irratti nutti ho’ee gadi
baha. Kanas si’a 3 irra deddebi’uudhaan shaakali
SH6
Itti aansudhaan kan qilleensa qofaan baasaa kan turte
sagaleetti jijjiirudhaan sagalee “huh.” jedhu
fayyadamuudhaan qilleensa gara keessatti erga fudhattee
booda suuta jechuudhaan “huh.” jedhi.

Kanas kan jettuu diyaaphraamii kee utuu hin


sochoosiin ta’uu qaba. Kana beekuudhaafis yeroo “huh.”
Jettu quba harka kee lama afaan kee fuula dura hiidhii kee
irra xiqqoo siqsitee qabuudhaan ho’ii akka sitti
dhagayame ilaaluudhaani

Jechicha jechuu kees gurra qalbii keetiin duukaa bu’uu


qabda.
SHAAKKAALLII
DANDEETTII QILLEENSA
BAASUU KEENYA
CIMSUUF GARGAARAN
SHQB
— Duugdaan lafa sirrii irra ciisudhaan kitaaba garaa kee irra
kaa’i. qilleensa ol fudhaadhuutii gadi baasiitii sochii
kitaabichaa ol fi gad socho’uu isaa ilaali
— Qilleensi ol fudhatame suuta jedhee akka bahuuf sagalee
‘si’ (hissing) ykn buzzing jechuun fayyadamuudhaan ykn
akka yeroo gommaan qilleensa yaasuutti qilleensa ol
fudhaate gadi baasi.
— Yeroo qabaadhuutii hanga turti qilleensicha itti gadi
baaftee fixxe ilaali.
— Hiriyaa kee waliin dorgomuudhaan eenyuu dursa akka
xumuruu fi eenyu akka tursiisuu danda’u shaakali.
SHQB
—Yoo dubbiif qofa shakkalte Seekoondii 15-20 ol
turuudhaan yaalii godhi.
—Farffaannadhaaf garuu yeroo dheeraa
tursiisuudhaaf yaali.
—Sagaleewwaan birootiin “sh”, “f”, “z” shaakali
1. sagalee xiqqeessuu- olkasuudhaan
“sssssSSSSS”
2. olkasuu- xiqeessuudhaan “SSSSSsssss”,
3. xiqeessuu-ol kaasuu -xiqeessuudhaan
“sssssSSSSSsssss”,
4.xiqeessuu-ol kaasuu xiqeessuu ol
kaasuudhaan“sSsSsSsSsSsSsS” shaakali .
Yaalii armaan gadii taasisuudhaan fageenya sagalee
shakkaliidhaan dhageessifamee madaali.
— Burcuuqoo garaa garaa bishaan hanga garaa
garaa itti guuti
— Burcuqoowwan sana tartiibaan Sagalee fageenya
garaa garaa qabuun afuufuudhaan raafama
guddaa fi xiqqaakan argisiise addaan baasi
— Yaalli armaan olii burcuqoo dheeraa fi furdinaa
garaagaraa qabaniin wal jijjiruudhaan yaalii
taasisi Jijjirama fidee jiraa? Yaaliin kun fageenya
sagalee addaan baasuuf si gargaareeraa?
SHAAKKALLII
7
AFAAN CUFANII
FAARFFACHUU YKN
GUMGUMUU /HUM/
SH7
1. Qilleensa ol fudhadhuu
2. Qaamoota kee sirritti oo’isi
— Gohaan akka uumamuuf ykn sagaleen
faarffannee qaamota keetti bu’ee dambali’ee
akka deebi’uuf qaamotiin kee sirriitti oo’uu
barbaachisa.
SH7
— Qaamotiin oo’uu qaban
% Addaa,
% Fuula,
% Maddii,
% Afaan,
% Areeda,
% Liqimsituu,
% Morma ,
% Laphee,
% Mudhii hanga miillatti oo’isuu
SH7
1. Dursa yeroo gungummiidhaan faarfannuu sagaleen
keenya gola afaan keenya keessatti hollannaa argisisee
hidhii keenyatti bubu’uudhaan deebi’ee hollata.
2. Gumgummii keenya Afaan keessaa gara sagalee
mataatti keessaan karaa mashaalee funyaanii fi fuula
gara olii sochoosisuun,
" Addaa sochoosuun hanga gogaan mataa keenya
gubbaa sosocho’uutti ceesisuu.
" Qaamoliin kunniin akka hollannaa uumaniif sukkumuu
barbaachisa fkn fuula keenya hollachiisuuf maddii
keenya, hidhii gubbaaf jalaa susukumuu barbaachisa.
SH7
3. Amma immoo gungummii keenya gubbaa irra gadi
mataa irraa addaatti addarra gara fuula olii fuunaanii,
afaan keessaan gara liqimsituutti gadi fiduu
Faarfanna fudhachuudhaan gungummiidhaan jedhii
shakkali
Shakkalli kana of eegannoo guddadhaan shakkali
sababiin isaa sirnaan shakkalamuu banan faayida
isaa irra midhaan isaa caaluu danda’a. Qilleensa
gad baafnu humna waan qabuuf qaamootii kunis
humna salphaa kan qaban hammi humna itti bu’uu
hanga dandeetti baachuu isaanii irra yoo caale
midhaamuu danda’u. Kanaafuu suuta jechuudhaan
shaakkali.
SH7
! Itti aansuudhaan gumgummii keenya liqimsiituu keessaa
gara lapheetti gad siqsuudhaan cinaacha cinaa lamaniitti
dugda keenya keessatti hollannan akka dhaga’amu
gochuu, bakki duwwaan yaadaa qofan hubatamu
gidduutti akka uumamu gochuu
! Ammas irra deebi’uudhaan qilleensa fudhate “huh.”
Jechuudhaan si ‘a 5 dabaree qilleensa fudhaatteen jedhii
shakkali
! Isa dura al tokko“huh.”jette amma immoo si’a lama “huh-
huh.”Jedhi.Dabaree qillensa ol fudhaate eeguudhaan itti
dabaluudhaan si’a 3 (huh-huh-huh) , si’a 4 (huh-huh-huh-
huh) 5 (huh-huh-huh-huh-huh)…., Hanga si’a 10 tti jedhi.
SH7
! Sagalee sadiin shaakaluuf isa dursa sagalee
lamaan jette sagalee sadaffaa “hum” jedhu itti
dabaluudhaan “huh-huh-hum” jedhi .
! yeroo kana shaakkaltu ilkaan kee wal utuu hin
ciniiniin mangaagaan kees utuu wal hin tuqiin
xiqqoo gargaar fagaasuudhaan hidhii kee qofa
waliin tuqxee jechuu qabda. Shakkalli kana si’a 3
irra deebi’uudhaan jedhi. Turtiin yeroo “hum” itti
jettu kan “huh” jettu irra xiqqoo kan dheeratu
ta’uu qaba. Qilleensa ol fudhatee hundumaa
“hum” jechuudhaan xumuruu qabda.
SH7
! Itti aansudhaan “huh-hum” jechuudhaan
shaakali. Qilleensa ol fudhante keessa gara caalu
“hum” jechuudhaan xumuri. Kanaas si’a sadi irra
deebi’ jedhi .
! Sagalee “hum” jedhu qofa isaa qilleensa ol
fudhattee hundaa xumuruudhaan jedhitii
shakkali.
! Farfannadhaan deegaramuudhaan shaakkali.
SHAAKKALLII
SAGALEEWWAAN BIROO
Sagaleewwan armaan gadii qixa sirri ta’een shakkaluun yaalii
gochuun hanga sagaleen kee fi mala faarfanna beekuuf si
gargaara.Yaalii shakkalii keessatti sagaleewwaan gara garaa
gulaantaa sagalee garaagaraatiin (sagalee baay’ee laafaa, laafaa,
ol kaa’aa , baay’ee ol kaa’aa) fayyadami.
SHSB
— Sagaleewwaan yaalii shakkaliif gargaaran
kanneen armaan gadii
1. Sagalee saree duttuu ykn hargantuu (dog
barking or panting)
2. Sagalee bubbee (wind sounds)
3. Sagalee xurunbaa (sirens)
4. Sagalee manguddoo gannii (santa claus ho-
hos )
5. Sagalee lukkuu kaakkistuu (witch cackles)
6. Sagalee caraanuu fireenii konkolaataa (brakes
screeching)
SHSB
7. Sagalee hurunguu, jajjuu, aadduu (owls
hooting)
8. Sagalee furiyoo ykn bilbila hojiin ykn wayitiin
barnoota gahuu isaa ittin beeksisan (hooter
sound)
9. Sagalee baaburaa (train chugging)
10. Kolfuu( laughning),
11. axxiiffachuu (sneezing)
12. Afuura dheeraa baafachuu (sighing),
13. hinqirfachuu (hiccupping)
SHAKKALLII LEENJII
SAGALEE
(VOCAL TRAINING
PRACTICE)
SOL-FA (BASIC SOLFAGE)
— (Sagaleedhaan shaakali)
— Nootaalee do,re, mi, fa, so, la, ti, do fageenya
sagalee ol kaasaa ykn qal’isaa ykn gulantaa ol
bahaa adeemuudhaan shaakali.
— Achii immoo duubatti deebi’i"do, ti, la, so, fa, mi,
re, do.“
— ‘Keyboard’ fayyadami.
LEGATO
— "mi-mommy-made-me-eat-my-m&ms" bakka "do
re mi fa so fa mi re do.jedhi.
— yeroo kissaga ol baatu "do re mi fa."
— Erga jettee ‘‘ya’’ bakka "so fa mi re do."
— Nootaan “so” kissaga tokko “fa” caala kanaafuu
kissaga tokko “ya”dabaluudhaan utuu duubatti
hin deebi’iin jechuu qabda.
— Nootaa rukkutamuu fi jechaa jettu walitti
firoomsuudhaan walitti hidhuuf yaali.
STACCATO
— Nootaa tokko tokkon gabaabsuudhaan,kopha
kophaatti, to’achuudhaan jechuu (staccato)
— "Do mi so mi do" jedhii shaakali.
— Jecha “ha” kissaga ol kaa’uun bakka nootaa “do
mi so” fi
— jecha“ha” kissaga gad bu’uun bakka nootaa “mi
do” jedhi.
"zi-ya"
— Kissaga "do re mi fa so mi do’’ jedhi shaakali
— Kunis "zi-ya" wajjin wal qixa ta’a.
— “Zi”n bakka "do re mi fa" bu’a.
— Kunis kan akka shakkallii ‘legato’ yoo bakka bu’uu,
— nootaalee kana lallafaa fi waliitti kan qabatee ykn kan
gargar hin citne taasisuudhaan shakkali.
— “Ya”n immoo bakka “so mi do” akkataa ‘staccato’
shakkalteen nootalee gabaabaa fi kophaatti akkuma “ha”
jettutti shaakali.
— Yeroo “zi” jettu mangaagaan lallafuu isaa eegadhu afaan
kee garmalee hin baniin.
— Nootaa kana afaan geengoodhaan xiqqoo kan banameen
shaakali.
ITTI FUFE
— “Do” irra kaasee hanga “do” itti aanuutti okteevii
tokkoo ta’a. Kunis kissagni kee dabalaa adeema.
Kanaafuu bakka fageenya sagalee kee
barbaaduudhaan nootaalee okteevii baay’ee
jechuudhaan dandeetti faarffaannaa kee
dabaluudhaaf shaakali.
— Okteevii hunda keessaa nootaa "do, re mi, fa, so,
la, ti” gosa isaaniitiin funaanuudhaan tokko
tokkoon shaakali.
KISSAGA EEGUUDHAAN
FAARFFACHUU
(SINGING ON PITCH)
KISSAGA EEGUU
— Kissaga(pitch) jechuun gulantaa ykn fageenya
sagaleen ykn muuziqaan irratti baafamee
dhageessifame jechuu dha.
— Rukutta nootaa muuziqaa shakkaluudhaan
madaallii isaa eeguudhaan faarffadhu.
— Kissaga keessa jiraachuu fi kissagaan ala ta’uu
kee yaadachiisa qalbii keetiin of ilaaluudhaan,
faarffannaa dhageeffachuudhaan duukaa
bu’uudhaan ogummaa kee ol guddisuu qabda.
KISSAGA EEGUU itti fufe
— Yeroo rukkutaan nootaa ol ka’uu fi gad bu’uu
xiyyeeffannoo gudda itti kennuu qabda.
— Yeroo rukkutaan ala taatu yaada qalbiiffannatiin
duuka bu’uudhaan yaadan qabi. Garuu yeroo
hundumaa waa’ee kanaa yaadudhaan of hin
dhiphisiin bilisa ta’iitii of sirreessuudhaan irra
deddeebi’ii shakkali.
— Gurra keetiin kissaga sagalee rukkutaan nootaa
dhageessisee dhageeffachuudhaan sagaleen ati
baaftees kissaga sana wajjin tokko ta’uu isaa
duukaa bu’i.
Sagalee muuziqaa
(Tone ) የ ድ ምፅ ቃ ና
Sm
" Kissaga eeguu ykn to’achuu sirritti erga
dandeessee booda akkamitti akkataa haalonni
isa afeeraniin kissaga guutuu (full pitch) akka
dandeessu ykn caalmaatti irra keessaa taasiftu
(shallow pitch) beekuu qabda.
" Hanga dandeessuu yoo qokkee kee gadi buufte
sagaleen muuziqaa kee baay’ee gadi fagoo fi
guutuu ta’a.
SM
" Karaa biraatiin sagalee kee of keessatti
liqimsuudhaan qokkeen kee akka ol ka’uu
gochuun sagaleen muuziqaa cal
jedheessa(mousy) ykn sagalee muuziqaa hundaa
kan gadi lakkise ta’a.
" Bakkii qokkeen kee sirriidhaan taa’uu qabu
lallafee(relaxed), iddoo ofii isaatii yeroo calliftu
taa’uu, iddoo gidduu(middle) ta’uu qaba.
NOOTAALEE MUUZIQAA
GAMTAADHAAN
FAARFFAACHUU (CHORD
ADDUCTING)
NMGF
— Nootaalee muuziqaa lama fi isaa ol
gamteessuudhaan kissaga isaa tuquudhaan
faarfachuu jechuun dandeettii fageenyaa sagalee
uumamaan qabnu akkamitti qabuu akka
dandeenyuu leenjiisuudhaan faarffaachuu dha.
— shakkaliidhaan fageenya sagalee keenyatti
bartee godhachuudhaan(how to adduct), cufuu
dandaa’uudhaan (zip up), gabaabsuu danda’uu
( shorten), walitti cufanii xinneessuu (compress)
dandeetti keenya ol guddisuun ni danda’ama
Shakkalii Nootalee Muuziqaa Gamtaadhaan
Faarfachuuf gargaaran
1. ‘D’ GIINGESSUU (STUTTERRING D’S)
— Shakkallin kun gulantaa 1ffaa(scale 1) fi gulantaa
2ffaa(scale 2) irratti taasifama.
— Sagalee D yeroo muraasaaf jedhi. Qokkee kee keessatti
miirri isaa akka xiqqoo dhagayametti caqasi. Arraba kee
irgee olitti maxxansuudhaan shakkali.
2. Gumgumuu (grunt) akka nama waan ulfaataa dhiibuutti
yeroo xiqqoo jedhi
Shaakkala kana taasisi
— Uhh,Uhh,Uhh
— Uhh,Uhh, Ahhhhhhhhhh
— Baay’iftee irra hin deddeebi’iin
— Fageenya sagalee ol ka’aa irratti yoo shakkalte gaarii
ta’a.
GULANTAA OL BA’UUDHAAN
SHAKKALUUF KANNEEN GARGAARAN
— Nay :- sagalee funyee uumuuf gargaara
— No:- sagalee mataa kan baay’ee qulqullina qabu
uuma
— Mum:- sagalee muuziqaa qulqullina qabu gad
hir’isa
— Ya:- sagalee fageenya ol ka’aa uumuu fi lapheen
akka boontu godha.Ya,Ya, Ya, Ya
shaakaluunmangaagaa laafisuuf gargaara.
— Goog,Glug:- waanti tokko ta’uu ta’uuf sababa
kan ta’anii dha. G’n sagalee keessatti
mashaaleen sagalee waliin akka ta’aaniif
gargaara.
Yeedaloo
(melody)
ጣእ ማ ዜ ማ
Yeedalloon sarara muuziqaa salphaatti
wajjin faarffachuuf nama dandeesisu dha.
Yeedalloon kan ittin sagaleen bira
qabamee sirreeffamni kennamu
akkasumas maqaan farfaannaa ittin adda
baafamu dha.
Sagaleen ol kaa’a ykn baay’ee qal’aan yeedalloo farffachuu danda’a.
C C# D D# E F F# G G# A A# B

Sagaleen kophaa isaa yeedalloo farfaatu sagalee dura bu’u(lead voice) jedhama.
FS C C# D D# E F F# G G# A A# B

soprano

ALTO

TENO
R
BASE
WAL SIMANNAA
SAGALEE
(HARMONY)
ድ ምፅ መጣ ጣ ም
" Wal simannaan ykn wal fudhannaan sagalee
yeroo sagaleewwaan biroo yeedaloo irratti
hirmaataanii nootaa garaagaraan farfaatani kan
uumaamu dha.
Meeshaleen muuziqaa garaagaraas wal
ta’uudhaan sagalee dhuunfaa isaaniitti
uumamaan qaban wal fudhachiisuudhaan yeroo
taphataman taphichi kan wal simate ta’a.
Yeroo gareen waliin yeedalloo farfaatan gamtaa ykn
tokkummaadhaan(unison) faarffatan jedhama.
FS C C# D D# E F F# G G# A A# B
soprano

ALTO

TENO
R

BASE
Kanneen armaan gadi karaa biraatiin yeedaloo fi wal simmaannaan sagalee tokkummaadhaan akkamitti
sagalee wal fakkatu akka uumamuu danda’aan ibsa.
FS C C# D D# E F F# G G# A A# B

soprano

ALTO

TENO
R

BASE
WALALOO
FAARFFANNAA
Sharbeen sagalee faarffannaa akkuma gosoota garaagaraa
qabaatu, gosoonni isaas kan addadummaan beekamuu
dandaa’uus yoo ijaarsa ykn boca walaloo garaagaran ijaaramee
dha. Akkataa sagalichaatiin waliin wal fakkatuutti, walaloonis
saxaxa (design) kophaa isaatii ni qabaaata.
SAXAXA WALALOO
# IJAARSA ISAA :- walaloon yeroo ijaaramuu caasaa
armaan gadii of keessaa qabaata.
! Gaalima ykn ciroo(clause):- Ciroo ykn Gaalima jechuun
gaalee fi himni yeroo gochima of irraa qabaatan jechuu
dha. Fkn faarfannaa Eliyaas Gaabulaa isa yesus koo
michuu garaa koo jedhu keessaa buufata armaan gadii
ilaali.
Yesus koo michuu garaa koo……. ciroo of danda’a
naf jettee fakkatte gowwaa ciroo of danda’a
Lubbuu koo oolchuudhaaf…… ciroo hirkataa
na barbaacha buute bowwaa ciroo of danda’a
Akkaminaan dhufaa x2 fuula kee? ciroo hirkataa
Galata malee harka duwwaa ciroo hirkataa
SW
! Gaalee (phrase):- Gaaleen wal hammaannaa jechootaa ti.
Wal hammannaan jechootaa gaalee jedhamuudhaaf
armaan gadi guutuu qabu
— ulaagaa sochoo’insaa (movement criteria),
— ulaagaa bakka bu’insaa (substitution criteria)
— ulaagaa wal hidhiinsaa (coordination criteria)
Fkn …Ani [ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee
qopheessu si dura] nan erga… Mat 11:10 (Kitaaba
Qulqulluu hiikaa waltaawaa haarayaa (HWH) irraa)
! Hima :- Hima hololo (ibsa, gabaasa, jechaan
ibsuu)(statement) fi gaalee deebii)
Himni matima guutuu (complement subject),ergaa guutuu,
fi kutima kan of keessaa qabu dha.
BOCA WALALOO
/FORM OF LYRICS/
— WALALOON farffannaa akkuma aartiwwan biroo
boca mataa isaa ni qabaata.
— Yeroo faarfannaa bareessinu bocni farfannaa
keenyaa sammuu fi gurra dhageeffatootaa
keessatti akkataa miira uumuu danda’uun
qopheessuu qabna.
— Akkuma bareefamoota biroo
seensaa(introduction), fi xumura(coda) kan
qabaatu ta’a. Kanaafu bocni beekamoo ta’an
kanneen armaan gaditi.
BOCA AB
— Bocni kun dhaamsi /ergaa cimaan / farfannaa
seensa irratti yeroo buufata dura walaloo irratti
yemmuu ibsamu walalichi boca ‘A’ qabaata.
Buufatni lamataanis ergichaa cimaa utuu hin
eeriin hima fuginaan (contrast) yeroo mana
rukutee barreeffamu, sararichis ‘B’ ta’a.
BOCA ABA
" Bocni kun dhaamsi farfannaa/ergaan cimaa
walalichaa/ seensa irratti yeroo buufata dura irratti
ibsamu buufatichi ‘A’ta’a.
" buufatni lamataanis ergichaa cimaa eeruu
baatuus jechoota gargaaruu danda’uunin yeroo
mana rukutee barreeffamu buufatichi ‘B’ ta’a.
" buufatni sadaffaan akkuma jirutti buufata
tokkoffa utuu hin jijjiriin irra deebi’uudhaan
fayyadamu.
Fkn
Oolmaan kee guddaadha inni qaraaniyoo gubbaa naf dhiiga lolaftee urjii fayyina koo A
Maal jaalalli kee tilmaamaa ol ta’ee lakkawamee hin dhumu kan ati rawwatte jalaallee koo B
Oolmaan kee guddaadha inni qaraaniyoo gubbaa naf dhiiga lolaftee urjii fayyina koo A
BOCA AABA
" Bocni kun muuziqaa beekamaa,gurmuudhaan kan namoota hedduu of
keessatti hammateen kan dhiyeeffamu.
" Dhaamsi farfannaa/ergaan cimaa walalichaa/ seensa irratti yeroo sarara
dura irratti ibsamu boca A’ ,
" ergichaa cimaa sana eeruudhaan sararra lamataa irratti jechoota
gargaaruu danda’uun yeroo mana rukutee barreeffamu boca ‘A’ ta’a.
" Sararii sadaffaan kan boca ‘B’ qabu immoo ibsa dabalataa fi fuginaa
boca A yoo qabaatu ,
" sararri arfaffaan immoo jecha ijoo sarara tokkoffaa sana eeruudhaan
karaa biraatiin (ibsa dabalataatiin )kan ibsu boca A qabaata.
fkn
Oolman kee guddaadha inni qaraaniyoo gubbaa dhiiga naf lolaftee urjii fayyina koo A
Oolmaa kee guddaadha abbaa biraa dhufte na barbaaduuf jechaa tiksee lubbuu koo A
Maalii jaalalli kee tilmaamaa ol ta’ee lakkawamee hin dhumu gochi naf rawwattee B
Oolmaa kee guddaadha fayyisaa koo yesus firaa firaan olii na maraarsiifattee A

Sadiinuu garaagara
Arfanuu garaagara
BOCA ABACA.
BOCA ABACADA
BOCA MUUZIQAA
(FORM OF MUSIC)
1. WAL JALAA QABUU
( ROUND OR CANON)
— Sagaleen tokko dursee yeedaloo faarffannichaa
kaasuudhaan faarfanna yeroo eegalu sagaleen
kaan immoo isa duukaa kurkuruudhaan
yeedaloo tokko faarffaatu.
2. AKKEESSUU (FUGUE)
— Gosa wal jalaa qabuu isa bayy’ee walxaxaa yeroo
sagaleen tokko yeedaloo ykn yaada ijoo
gabaabaa tokko farfaatu sagaleewwaan kaan
immoo yeedaloo ykn yaada ijoo gabaabaa sana
fakkeessuudhaan faarfatan yeedalloon wal
simannaa sagalee yeedaloo duraatiif jecha yeroo
jijjiramu yeedaloon duraa garuu sagalee
jabaadhaan faarffatamee xumurama.
3. MIIDHAGSUU (IMPROVISATION)
— Faallaa isaa duraa lamaanii kan ta’ee yaada,
jecha fi sagalee faalla faarfanna sana
miidhaksuudhaaf fayyadaman kan yeroo baay’ee
barreeffamaan walaaloo keessatti hin
hamatamiin dhageessisuu. Kunis dhaadhessa
ykn beeksisa irratti kan adeemsifamu dha.
4. WAL WAAMUU FI WALIIF DEEBISUU
(CALL AND RESPONSE)
— Namni dhuunfaan ykn gurmuun tokko yeroo
waamuu ykn yaada muuziqaa yeroo faarffatu
gurmuun biraa immoo yaada yaada addatiin
deebii kenna.
SHARBEE SAGALEE/VOCAL
STYLES/
— Muuziqaa Ammayyaa (Jazz) = muuziqaa yaa’aan rukuttaa isaa
cimaa ta’ee namoonni sagaleedhaan jedhaanis akkuma
rukuttaa sanaatti mana rukuchiisanii kan sagaleessan
jalqabatti ameerikaati kan bu’ureeffame dha.
— Muuziqaa aadaa (Folk) =muuziqaa aadaa hawaasaatiinykn
jamaan taasifamu bartee fi amaleeffanna hawaasaatiin
dhaloota irra dhalootatti kan darbe bifa qindaa’ee bareeffaman
qophaa’ee kan hin qabne fkn muuziqaa yeroo ayyaana
— Muuziqaa Beekamaa (Popular) = muuziqaa
beekamaa,gurmuudhaan kan namoota hedduu of keessatti
hammateen kan dhiyeeffamu.
— Muuziqaa gosaa ykn qomoo (Ethnic) = muuziqaa saba fi
sablammii garaagaraa ta’ee kan sabni ykn horteen ykn
qomoon tokko dhuunfaadhaan addatti qabu jechuudha.
— Muuziqaa adeeffatamaa(Classical)= muuziqaa bal’inaan
fudhatama argate fi yeroo dheeradhaaf hedduminaan itti
fayyadamamu.Fkn Opera

You might also like