You are on page 1of 23

SEENSA BARUMSA

DUBBII ABBOOTAA
(Patrology)

LEENJII BAKKA BU’OOTA BARSIISOTA


YAA’II MOORAAF KAN QOPHAA’E

1. Seensa
Amanatiin kiristaanaa waqayyoorraa kan kennamte amantii mul’ataati. (Yihuudaa 1:2) .
Dursees waaqayyo fayyina ilmaan namaaf kennu barbaade fi iccitii ibsuu barbaade abboolii
raajotatti mul’iseera. Boodas yeroo dhumni baraa ga’e Ilmi Waaqayyoo qaama isaa addaan
(qaama ofii isaatin) giiftii keenya Durbee Maariyaam Irraa nama ta’uun Icciitii dhala namaaf
barbaachisuu hunda ifaan nutti hime. Fayyinas nuuf raawwate.
Goftaan keenyi Iyyes Kiristoos Iddoo oole oolanii Iddo bules bulani kan baratanii fi gochaa inni
raawwateefis ragaa ijaa kan ta’an duuka buutota isaa misiraachoo wangeela akka lallabaniif
gara addunyaatti isaan erge. Isaanin Boodas bakka isaani kan bu’aniif baruumsa isaani
dogoggoraa fi badinsa tokko malee eeganii dhalatootti kan dabrsan abbotiin heddun yeroo
adda addaatti ka’aniiru. Dursee Raajota, itti aansuun Duuka bu’oota, boodarras baakka isaaniiti
kan bu’an hayyoleen marti Abbotii mana Kiristaanaa jedhamu .
Barruu kana irratti garuu caalmaan kan ilaallu hayyoolee duukaa bu’oota booda ka’anirrati ta’a.
Isaanis duukaa bu’oota ka’anii daddarboo duukaa bu’ootaa (apostolic tradition) barumsa afaanii
fi barruulee barreessuun ka eeganiifi shakkitootarraa dhorkuun kan nu dabarsanii , hikkaa
kitaabolee kan hojjetan, kitaabolees kan barreessan walumaa galatti jireenya fi barumsaa
isaanitiin manni kirisaanaa raga kan baateefii abboliin kan itti barsiifama “ barumsa abbolii” (
Patrology ) jedhama.
Dubbiin abbotaa Abboolii qulqullota barumsi isaani jireenya isaani, jireenyi isaani barumsa
isaani duukaa kan walsimate jireenya fi barumsa isaani ka itti qo’annuu fi barannudha. Mana
kiristaanatti abbotiin jireenya gaarii fi jireenya qulqullumma kan jiraatani fi amantaa sirrii taate
badiinsa fi makinsa tokko malee kan barsiisani, garuu akka kennaa afuuri qulqulluu fi akka
barasaatti kan ibsanii fi hiikan abbooti bay’yeedha. Waaqayyo bara gara garaatti namooti
akkasii mana kiristaanaa hin dhabsiiisne. Barruu kana irratti garuu kan ilaallu seenaan isaanii
sirritti kan beekamee fi barumsi isaaniis barreeffamaan kan argamu ta’a.
Amanatiin kiristaanaa waqayyoorraa kan kennamte amantii mul’ataati. (Yihuudaa 1:2). Dursees
waaqayyo fayyina ilmaan namaaf kennu barbaade fi iccitii ibsuu barbaade abboolii raajotatti
mul’iseera. Boodas yeroo dhumni baraa ga’e Ilmi Waaqayyoo qaama isaa addaan (qaama ofii
isaatin) giiftii keenya Durbee Maariyaam Irraa nama ta’uun Icciitii dhala namaaf barbaachisuu
hunda ifaan nutti hime. Fayyinas nuuf raawwate.
Goftaan keenyi Iyyes Kiristoos Iddoo oole oolanii Iddo bules bulani kan baratanii fi gochaa inni
raawwateefis ragaa ijaa kan ta’an duuka buutota isaa misiraachoo wangeela akka lallabaniif
gara addunyaatti isaan erge. Isaanin Boodas bakka isaani kan bu’aniif baruumsa isaani
dogoggoraa fi badinsa tokko malee eeganii dhalatootti kan dabrsan abbotiin heddun yeroo
adda addaatti ka’aniiru. Dursee Raajota, itti aansuun Duuka bu’oota, boodarras baakka isaaniiti
kan bu’an hayyoleen marti Abbotii mana Kiristaanaa jedhamu.
Barruu kana irratti garuu caalmaan kan ilaallu hayyoolee duukaa bu’oota booda ka’anirrati ta’a.
Isaanis duukaa bu’oota ka’anii daddarboo duukaa bu’ootaa (apostolic tradition) barumsa afaanii
fi barruulee barreessuun ka eeganiifi shakkitootarraa dhorkuun kan nu dabarsanii , hikkaa
kitaabolee kan hojjetan, kitaabolees kan barreessan walumaa galatti jireenya fi barumsaa
isaanitiin manni kirisaanaa raga kan baateefii abboliin kan itti barsiifama “ barumsa abbolii” (
Patrology ) jedhama.
Barumsi Abboolii abbotii qulqullota barumsi isaani jireenya isaani jireenyi isaani barumsa isaani
duukaa kan walsimate jireenya fi barumsa isaani ka itti qo’annuu fi barannudha. Mana
kiristaanatti abbotiin jireenya gaarii fi jireenya qulqullumma kan jiraatani fi amantaa sirrii taate
badiinsa fi makinsa tokko malee kan barsiisani, garuu akka kennaa afuuri qulqulluu fi akka
barasaatti kan ibsanii fi hiikan abbooti bay’yeedha. Waaqayyo bara gara garaatti namooti
akkasii mana kiristaanaa hin dhabsiiisne. Barruu kana irratti garuu kan ilaallu seenaan isaanii
sirritti kan beekamee fi barumsi isaaniis barreeffamaan kan argamu ta’a.
2. Dubbii (Qo’annaa) Abboolii maalif barbaachisa?
Dubbiin Abbootaa barumsa Te’oolojii (Dubbii Waaqaa) kessatti kutaa tokko qofaa ta’ee kan
kennamu miti. Barumsa Te’olojii hundaaf bu’uura ta’ee waan tajaajiluuf faayidaasaa
murteessun hin danda’amu.

2.1 Kitaabolee qulqulluun sirritti akka nuuf galuuf: - kitaabni qulqulluu ((አሥራው
መጻሕፍት)) abbummaansaa kan mana kiristaanaa akka ati kan beekamudha. Kanaafis manni
kiristaanaa jireenya afuuraa Waaqayyorraa argatteen kitaaba qulqulluf hiikaa ni hojjetti. Manni
kiristaanaa kennamu kitaaba qulqulluu fi kaayyoo isaa akkasumas barumsaa Raajotaafi duuka
bu’oota of kessatti qabate akkamin akka wal simu kara Abbootii ni barsiisti. Abbootiin baay’een
Afuura qulqulluun gargaaramanii kiitaba qulqulluu hiikuun isaani barumsa Qo’anna abbotaaf
ka’umsa is guddaadha. Kitaaba qulqullu jechuun yaada Waaqayyoo isa daangaa hin qabne
qooqa namaa isa daangaa qabuun kan barreeffame jechu yeroo ta’u kan hubachuun jechhootaa
fi seenawwan kitaaba qulqulluu keessa jiran kallatti adda addaan ilaaluudhaan hiikaniiru.
Hiikaan isaan barreessaniis barumsa abboolii hubachuuf nama dandeesisa. Karaa gara biraatiin
Qo’annaa abbolii barachuun hubaanna sirrii (orthodox) kitaabolee qulqulluu irra jiran akka
qabaannu nu gargaara.
2.2 Waa’ee mana kiristaanaa hubachuuf: - Barumsi abbolii manni kiristaanaa mootummaa
waaqayyoo lafa irra jirtu akka taate nu hubachiisa. Manni kiristaanaa dhiiga kiristoosiin kan
qulqulloofte waan taateef yeroo hunda gara mataashee Kiristoos deemuu baay’ee yaaddi.
Kanaafis yeroo lafarra jirtutti sadarkaa isaafii ta’uun waaqayyoon kan kabajju, waa’ee
uumaamoota adda addaaf kan kadhattu, fayyina dhala namaatifis kan kadhattu, qabsuura kan
taasiftu fi qaama kiristoos ta’uu ishee kan hubaanu karaa barumsa Qo’annaa abboooliiti.
Abbooliin akka falaasama Girikootaa osoo hin ta’iin barumsa kiristoos irraa argataniin addunyaa
isa mul’ta isa hin mul’anneen, uumama uumaa isaatiin tokko kan godhudha. Kunis immoo
jirrenya mana kiristaanaaf bu’uura kan ta’e aarsaa ishee karaa nyaataafi wayiniidhaan kan
argamuu fi kan tuqamuu ta’ee jirrenya ishee murtaa’aa waaqayyoof dhiyeessitu, kiristoosis
arsaa kanaa foonii fi dhiiga isaa godhee jirrenya bara baraaf ni godha. Jaalala akkanaan namni
Waaqa isaa waliin akka jiraatu abbooliin afaanii fif jireenyaaan barsiisaniiru.
2.3 Seenaa mana kiristaanaa hubachuuf: - Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos Waaqa bara
baraa yerro ta’u fayyina namaaf jedhee yeroo fi iddoodhaan murtaa’ee kan mul’ate akka ta’e
hunda qaama isaa kan taate manni kiristaanaas kennaa isarraa kan ka’e baraa fi iddoodhaan ol
taate bara baraan kan jiraattu haa ta’u malee addunyaa kanarratti kan argamtu mootummaa
isaa waan taateef seenaa qabdi. Seenaa mana kiristaanaa Abbolii malee baruuf yaalun
gonkumaa kan danda’amu miti. Gargaarsi kiristoosi fi kennaan Afuura Qulqulluu kan isaanif ta’e
abboolii malee seenaa fi maalummaa mana kiristaanaa hubachuun hindanda’amu. Manni
kiristaanaa tookumma waldaa fi afuurawaa jedhamuun ishee isaanin waan ta’eef. Jireenyi,
qabsuurri, barumsi isaanii akkasumas shakkitoota waliin falmii godhanii ijoolle waaqayyoo
eegun isaani kutaa seenaa mana kiristaanaati. Seenaa ishee galmeessuuf manni kiristaanaa
dhipachuu baattulle Awsaabiyoos kan biyya Qiisaariyaa (Phaaphaasii biyya Qiisaariyaa) fi kan isa
fakkaatan seenaa mana kiristaanaa siirriitti galmeessani kan kaa’an namootni adda adda jiru.
2.4 Jireenya kiristaanawaa hubachuuf: - Cubbuu namaa irraa kan ka’e “qoraattii fi
baalaanwaraante sirratti haa biqilu” (seera Uumama 3) jedamtee kan abaaramte lafarra osoo
jiraatuu namni qoraattiin na hin waraaniin jechuu hin danda’u. Kiristoos nama fayyisuuf yeroo
dhufetti amala qulqulluu kan qabu Waaqa ta’ullee fedhasaan gidiraa fi dadhabina namaa irraa
hirmaateera: beela’eera, dheeboteera, foonii madaa’ee lubbuun gaddeera. Kuni hunda
fedhasaan fudhatee kiristaanotaafis ebbisee kenneera. Fannoo isaa baatanii akka isa duukaa
bu’an ajajeera. Dadhabina kan hunda gara humnaatti, du’as gara jireenyaatti jijjiiree hojiin akka
isa fakkaannuuf akkayya (fakkeenya) nuuf dhiisera. Jireenya kiristoosiin nuuf kenname kana kan
itti barannu gabateen (ሰሌዲዎቻችን) keenya abboolii keenyadha. Qo’annaa Abbootaa kan
yaadaa fi barumsa abbotaa qofa kan nu barsiisu otoo hin ta’iin gidiraa, hidhamuu, arrabsoo fi
biyyaa gara biyyaatti baqachuun isaanii: kunis immoo waa’ee amantaa isaani kan irra ga’e waan
ta’eef galataan fudhachuun isaanii barumsa irraa argannudha.
2.5 Waa’ee Dubroo Maaramii sirriitti hubachuuf: - Qulqulleetti taate waan argamteef
Waaqayyoos isheerraa nama ta’uuf kan ishee jaallate Giiftiin keenya Maarimaaf sirna
waaqeffannaa Ortodooksiif jirreenya (bu’uuradha). Waaqayyoon kan itti fudhane harki
qulqulluun Dubroo Maariyaamidha. Abooliin Ortodoksii yeroo waa’ee waaqayyo nama ta’uu
isaa barsiisan ishee otoo hin kaasin hin hafan. Dhala namaaf boonsa kan taate ishee akka taate
ragaa ni ba’u. Keessumattu qulqulluu Agnaaxewos, Qulqulluu herenewos, Wareegamaa Yoosxis,
Qulqulluu Efreem , Qulqulluu Yaaredii fi Abbaa Giyorgis Isa Gaasiccaa waa’ee qulqullinaa fi
kabaja ishee , Fayyina namaaa keessatti ga’ee isheen qabdu, Mana kiristaanaattis bakka isheen
qaqbdu bal’inaan barsiiisaniiru. Kunis barumsa laafaa dhiyootti kan jalqabe akka hin taaane nu
hubachiisa. Dabalataanis duukaa bu’oota irraa jalqabee kan ture barumsa jabaa Ortodoksii
(sirrii) akka ta’e hubachuus Qo’annaan abbotaa gumaacha guddaa qaba.

3. Abboota Mana Kiristaanaa


Barsiista mana kiristaanaa barumsa Ortodoksii (sirrii) kan qaban, afaanin qofa otoo hin ta’in
gochaadhaanis kan barsiisan, barumsa isaanitiniis ijoolle afuuraa kan dahan Abboota mana
kiristaanaa Jennee waamna.
Jechi “Abbaa” jedhu kun Phaaphaasotaa fi Qeesotaaf qofaa otoo hin ta’in barreefama
ortodoksii (sirrii) ta’een amantaan akka cimuufi amalli gaaris akka itti fufu kan godhan
Barsiistota (hayyota) Ortodooksii ni dabalata. Akka kitaaboleen qulqulluun raga bahaniitti
waaqeffannaa Waaqayyoo qabatanii warreen kaanis akka waaqeffatan kan godhan,
Waaqayyoos waadaa isaatiin kan isaan hin irraanfanne Abrahaam, Yisaaqii fi Yaa’iqob
“Abboota” jedhamu. (Hojii Ergamootaa 3:13)
Akka hayyoota Qo’annaa Abbotaatti barsiisaan mana kiristaanaa tokko ABBAA jedhamuuf
wannota afur qabaachuun isa baraachisa.
A. Kitaabolee (Barruu) kan barreesse: manni kiristanaa barroota adda addaatti
barumsoota haarawaa ishee qunnaman balaaleffatanii yookiin kiristaanonni barumsa
mana kiristaanaa akka hubataniif barruulee kan barreessan.
B. Barumsa Orthodoksii (sirrii) qabaachu: Icciitii Waaqayyoo mul’ataan argamee manni
kiristanaa akka fudhattetti isaanis barumsa isaaniitiin warreen biraaf kan dabarsan.
C. Qulqullummaa jireenyaa: Barumsa ortodoksii jirrenya irraa adda baasanii ilaaluun hin
danda’amu. Kanaafis Barsiisaan tokko barumsa Ortodoksii barruulee isa kessatti yoo
barreesuus jireenyi isaa inni qulqulluun maalummaa mana kiristaanaa kan ibsu waan
ta’eef qulqulummaan jireenya isaa Abbaa jedhamuuf ulaagaadha.
D. Baraan kan dursa qaban (Antiquity): Ulaagaa kana ilaalchisee hayyootni Qo’annaa
Abbotaa yaada adda adda kennaniiru. Kunis dursa kan qaban yeroo jennu hanga bara
kamitti isa jedhu jechuu keenyadha. Hayyootni tokko tokko hanga yaa’ii Kelqedonidha
(yaa’ii isa 4ffaa) yeroo jedhani gareen biraan immoo hanga ka’umsa qulqulluu Yohannis
kan Biyya Damaasiqoo hanga jaarraa saddeettaffaatidha jedhu.
4. Seenaa Mana Kiristaanaa keessatti bakki dubbiin
Abbootaa qabu.
Akka armaan olitti ibsamuuf yaalametti Dubbiin Abbootaa barumsa mana kiristaanaa
barsiistoota isaan dura ka’an irraa sirritti hubatanii jireenya isaanitiin kan hiikanifi kan barsiisan
abbootni jireenyi fi barumsi isaanii kan itti qo’atamudha. Kanaafuu dubbin Abbootaa akka
kutaa Tewolojii tokkotti kan qo’atamu qofa otoo hin ta’iin barumsa Tewolojii hunda keessatti
ga’ee kan qabudha.
Barumsi qulqulletti mana kiristaanaa Ortodoksii kitaabota qulqulluu irratti kan hundaa’e
(Scriptural) fi Hayyoota qulqullootaan kan hiikamedha (patristic).
A. Dubbii Abbootaa Jaarraawwan jalqabaatti
Jaarraawwan jalqabaatti (hamma Yaa’ii Kelkedon (451 Dh.K.B)) barumsi isaanii hamma
ammaatti mana kiristaanaatti kan eegamu hayyootni akka qulqulluu Agnaaxewos (kan leencaaf
Kenname ((ምጥው ለአንበሳ)) , qulqulluu Abulinarewos kan Roomii, qulqullu Atnaatewos isa
Dukaa bu’icha (ሐዋርያዊ), qulqulluu Qeerloos kan Iskindiriyaa (kan biyya Misiraa), qulqulluu
Yohaannis AfaanWarqee fi kkf. Akka Urjiitti kan ifan hayyootni adda addaa kan itti ka’an Dubbii
Abbootaattis bara warqee mana kiristaanaa kan jedhamedha.
Barumsa abboota bara kanaa iddoo saditti qoodne ilaalu dandeenya.
Tokkoffaa Sirna mana kiristaanaa ilaalchisee ta’a. Burqaa fi bu’uurri sirna mana kiristaanaa
kitaabota kakuu haaraa fi kakuu moofaa yoo ta’annillee kana babal’iisuun fi iccitii isaa hiikani
kannuuf kaa’an haayyoota duukaa bu’oota booda ka’anidha. Kanaanis kan beekaman Qulqulluu
Abulinarewos kan Roomii, qulqulluu Basiliwos kan Qisaariyaa, qulqulluu Yaa’iqob kan
Iyyerusaalem kaasuun ni danda’ama. Dabalataanis yaa’iwwan irratti kan murtaa’an
Qannoonawwan mana kiristaana abbota afuurri qulqulluu irra buleen kan nuuf taa’anidha.
Lammaffaarrattimmoo Abokaatotadha (Apologetics). Akkuma seenaan himutti baroota
kanneen irratti shakkitootni akkasumas warreen hin amanne fi falaasamotni karaa biraan
immoo gara kakuu moofaatti deebisuuf kan barbaadaniin Yihudootaan manni kiristaanaa
qorumsi adda addaa irra gaheera. Manni kiristaanaa barumsoota ishee warra sirrii ta’an eegdee
baroota kan dabartee ogummaa Afuura Qulqulluutiin kan jajjaabatan hayyoota
qulqulluutiinidha. Shakkitootaaf deebii kennuufi barumsa mana kiristaanaa isa sirriif abukaatoo
akka ta’uuf kitaabota hedduu baroota ce’en barreesaniiru. Hojii Abukaatoo kanatti baay’ee kan
dadhaban keessaa qulqulluu Yoosxis isa Waregamaa, qulqulluu Herenewos kan Liyon,
Qulqullluu Atnaatewos isa duuka bu’aa, qulqulluu Qerlos kan Iskindiriyaa (biyya Misira),
qulqulluu Basiliwos kan Qisaariyaa, qulqulluu Gorgoriyos kan Nusis, qulqulluu kan Inzinaazu fi
qulqulluu Ephifaaniyosi kan caqasamanidha.
Sadaffarratti hiikaa kitaaboleeti. Armaan olitti kan caqasne sirni mana kiristaanaa fi hojiileen
abukaato (apologetics) kitaabolee qulqulluu irratti kan hundaa’an waan ta’ee fi ka’umsi
shaakkiwwan adda addaas kitaaba qulqulluu afuura mana kiristaanatin osoo hin ta’inn
hubannaa ofiitiin hiikuf yeroo yaalanitti dogongora dhufuutin waan ta’eef hayyotni dogongora
shakkitoota kanaa ifa baasuuf hiikaa kitaaboolee sirreessanii hojjetaniiru. Haa ta’u malee
abbotni Hiikkaa kitaabotaaf xiyyeeffannaa addaa kennanii hoojjetan jiru. Isaan keessaa Abbaan
hiikaa qulqullu Yoohannis Afaanwarqee, qulqulluu Gorgoriyos kan Nusis, qulqulluu Efreem kan
Sooriyaa, qulqulluu Yaa’iqob kan Sirug ni argamu.
Walumaagalatti Jaarraawwan jalqabaa barreffamni isaanii barootan ce’ee dhalootatti kan
darbee hayyoolee gurguddoon kan itti ka’an bara warqee (bara bareedaa) Abboota mana
kiristaanaati.
B. Dubbii Abbootaa baroota Giddugaleessaa fi baroota Dhiyoo
Qo’attonni Dubbii Abbotaa tokko tokko baroota Abbootaa (Patristic Era) kana jaarraa ja’affatti
murteessanii kaa’u. Sababni isaanis manni kiristaana “otoo hin qoodamin” kan turte baroota
kan keessa waan ta’eef baroota kan booda Naannawaa (naanno tokkotti kan murtaa’e) malee
guutuu addunyaatti beekumsa kan argatan Abbotni hin kaane: yoo ka’annille Abbotni isaan
duraa kan hojjataniin alaa bal’inaan wanti hojjatan hin jiru kan jedhudha.
Isaan biraan immoo hojiin Afuurri Waaqayyoo hojjetu baraan kan hin daangeffamne waan
ta’eef Abbotni hayyoolinis baroota adda addaatti ka’u ni danda’u kan jedhanidha. Qorumsaa fi
barnoota haaraa bara gara garaatti yomuu ka’an barumsi mana kiristaanaa isa sirrii Afuura
Qulqulluun dursamanii kan barsiisaniifi fulrmaata kan kennan fi kanas dhalootatti kan dabarsan
Abbootni yeroo ka’an akkuma abboota isaan duraatii Qo’atamuu qabu jedhu.
Keessatti yaa’ii kelQedon booda kan ka’an qulqulluu Yaareed, Abbaa Giyorgis kan Gaasiccaa fi
Hayyoleen gurguddon Abbootni baraan hin dhaangeffaman yaada jedhuuf ragaa guddaadha.
Abbota jaarra ja’affan booda ka’an yeroo abbota isaan dura ka’an wajjiin wal madaallu baay’ee
miti. Mana kiristaanaa addunyaatti sirritti kan beekamaniifi yaa’ii Kelqedoniin hinfudhannu
jedhanii mormudhaan abbootiin Tewahidoof abukaatoo dhaabatan qulqulluu Saawiros kan
Antsokiyaa, qulqulluu Yaa’iqob kan ilberede, qulqulluu Filiksinosifi barattoota isaanidha.
Itiyoophiyaatis Abootni hayyooliin baay’een kan darban yeroo ta’u, akka aramaan oliitti
caqasametti qulqullinni isaani kan ragaa ba’ameefi kitaaboolee isaanitii barruulee fi barumsi
isaani dhalootatti kan darbe akka qulqulluu Yaaredii fi Abbaa Giyoorgis kan Gaasiccaa caqasuun
ni danda’ama.

5. Kitaabota Abbootaa Hubachuuf wanta barbaachisan


Namni kamiyyu barumsi Ortodoksii (sirrii) mana kiristaanaa guutumaatti hubachuu barbaadu
bu’uura kitaaba qulqulluutiin kitaabota abbootaa sirritii dubbisuu fi hubachuun isarraa eegama.
Kanas gochuu kan danda’u wanneen armaan gaditti caqasaman yeroo eegudha.
a. Barumsa mana kiristaanaa kitaaba Abbaa tokkoo irrati murtessuu hin qabu. Daddarba
mana kiristaanaa isa guddaa kan ta’e kitaaba qulqulluu irratti bu’ura godhatanii abboota
hedduun kan hiikamedha malee barumsa Abbaa tokko qofaan kan ibsamu miti. Mata
duree tokko irratti beekumsa gahaa ta’e argachuuf kitaabolee hedduu abbootaan
barsiifaman qo’achuun barbaachisa.
b. Kitaaba Abbaan tokko barreesa kessaa fuula tokko baafne dubbachuun keenya dura
kitaabicha dubbisnee ergaa waligalaa (guutuu) Abbaan kun dabarsuu barbaade
hubcahuun barbaachisaadha. Kana ta’uu baannaan garuu galma isaa malee (without
context) caqasnee nutis dogongorree namas dogongorsiisuu dandeenya.
c. Abbootni hedduun barumsa falasamaa bara sanaa waan barataniif namoota bara sanaaf
ibsuun jechoota falaasamaa kan bara isaani barreefama isaanirratti fayyadamaniiru.
Kanaafuu seenaa falaasamaa isaan dabarsaniifi naannawaa beekumsa barasaanii
qo’achuun kitaabolee isaanii hir’ina tokko malee akka hiiknuu fi hubannuuf nu gargaara.
Walumaagalatti kan barsiisan dhaloota barasaanif waan ta’e haala jireenya bara Sanaa,
yaadaa fi qooqasaani akkasumas aadaa isaanii beekuun barumsa isaanii sirritti
hubachuuf nu gargaara.
d. Barumsa afuuraa barachuuf laphee namatiin dabalata ifni Afuura Qulqulluu ni
barbaachisa. Barumsa abbootaa hubachuuf isaan irra bulee kan barreesise humni
waaqayyoo akka nuuf ibsu laphee qulqulluutin kadhachuun nu barbaachisa. Hayyuun
tokko akka jedhetti “namni tokko hayyuu Tewolojii ta’uuf nama yeroo hunda kadhannaa
godu ta’uu qaba”.
6. Barumsa Abbootaa Xiqqodhaan
Barumsa Qulqulloota abboolii barruu xiqqoo kana irra waliin geenyee ilaalun kan yaadamu miti.
Haa ta’u malee agarsiisaaf qofa barumsaa fi jireenya abboota xiqqoo armaaan gaditti ni ilaalla.

6.1 Barumsaa fi Jireenya Qulqulluu Atnatewos Isa Duukaa bu’aa


6.1.1 Seenaa Jireenya Qulqulluu Atnatewos Isa Duukaa bu’aa
Qulqulluun Atnatewos inni duuka bu’aa bara 298 DH.K.B biyya Iskindriyaatti dhalate.
Qulqulluun Atnatewos ijoolummasaatti osoo dirrerrati hiriyoota isaa dukaa taphatanii, inni
nama cuuphu hiriyoonni isaa cuuphamoota ta’anii yeroo taphatan Patriyaatikinn Illeskidiros isa
argee gara bakka bultoosaatti fudhatee akka isa guddise barreessaan seenaa bara Sanaa kan
ta’e Rufinos kan jedhame katabee kaa’era.

Illeskindiros sirnaa fi barumsa mana kiristaanaa akkasumas beekumsa bara sanaa hunda
barsiisee erga guddisee booda sirna Minkusinnaaf (Jireenya qofaa otoo hin fuudhin) ni ga’e.
Qulqullumaa, hojiifi amala isaa gaariin kan ragaa ba’ameefii dargageessichi Atnatewos umrii
23tti Hangafa diyaaqonotaa ta’ee muudame. Bara sanatti muudamni “Hangafa diyaaqonotaa”
jechuun Hangafa Phaaphaasiif dubbataa (አፈ ጉባኤ), akkakoo (እንዯራሴ) akka jechuudha.
(የቤተ ክርስቲያን ታሪክ በዓለም መድረክ፣ አባ ጎርጎርዮስ (ጳጳስ)፣ 1978 ዓ.ም.፣ ገጽ 94)

Walumaagalatti jaarraan arfaffaa qabsuura man kiristaanaa Ariyoosi fi haftee Ariyoosota


duukaa kan taasifame akka ta’e seenaan ni hima. Qulqullichi Atnatewos ifee akka mul’atuu fi
guddummaan isaa akka mul’atu kan taasisan baruma kana kan turan jequmsaa fi dogongora
Ariyosotaaa fi gareesaati.
Ariyos mana kiristaanaa tokko keessatti hojii lubummaa itti kenname akka hojjetuufi kitaabota
qulqulluu akka barsiisuuf muudame kan ture luba biyya Libiyaa ture. Booda garuu barumsa
“Ilmi waaqummaa isaatiin umamadha” jedhu akkaa barsiise fi dubbisa kitaabota qulqulluu bifa
barumsasaa kanaaf akka gargaarutti akkaa hiikee shakkii isaa jabinaan tatamsaaseera. Ariyoosii
fi jaleewwan isaa jaarraa walakkaan ol barumsa isaa kanaan mana kiristaanaa jeeqera.
Sababa kanaan manni kiristaanaa yaa’ii addunyaawaa isa jalqabaa taasifteetti. Yaa’iin kun
gargaarsa mootichaa Qosxanxinosii fi dursama Hangafa Phaaphaasotaa Illeskindirosiin bara 325
DH.K.B Niqiyaatti (Amma bakka Turkii keessa argamtudha) gaggeefameera. Yaa’icha irratti
phaphaasota lakkoofsaan 318 ta’aniifi luboota fi diyaaqonota baa’yeen argamaniiru.
Yaa’icharratti shakkii Ariyos ifa baasudhaan barumsa isa mana kiristaanaa Ortodoksiitiin
hayyoota sirrittii ibsan kessaa yeroo sanatti Illeskindiroos duukaa hangafa diyaqonii ta’ee kan
deemee fi boodarratti Ileeskindiros yeroo boqotutti bakka isaatti hangafa phaaphaasii ta’ee kan
muudame Atnatewos isa duraati. Keessumattuu fuuldura yaa’chaatti Ariyoosiin falmee
mo’uusaatiin, Ariyoosotni bu’uurasaa balleessuuf kan yaalan: barumsa Waaqummaa Iyyesus
Kiristoos afaanii fi barruuleedhaan kan barsiisee fi Itti gaafatamummaa itti kenname sirritti kan
ba’e Abbaa guddaa mana kiristaanaati.
Qulqullichi Atnaatewos daba Ariyosotaan kan ka’e al afur (yeroo shanidha garuu godansi isaa
tokko achuma gadaami biyya isaa jirutti dabarse) kan godaanee fi gidiraa baay’een kan fudhate
yeroo ta’u dhalootatti kan darban mana kiristaanaa kan akka lallistu kan godhan, waa’ee
amantaa barrulee hedduu barreesera. Isaan keessaa “Waa’ee Foonii (nama ta’uu kiristoos)”
(On the Incarnation of The Word of God), “Mormii Ariyoosotaa” (Against Arians), “waa’ee
godaansa isaa” (Against his Flight) kan caqasamanidha. Dabalataanis Qabsuura qulqulluu
Inxoons (The Life of St. Anthony) kan barreesse Atnatewos akka ta’e beekamaadha.
Abbaan keenyi Atnatewos barruulee hedduu akkaa barreesse gidiraa moototaa fi abba
angoleetiin isarra gahu obsaan dabarsuun, eegamuu barumsa mana kiristaanaaf hanga
dhumaatti falmeera. Jabina isaa kanaanis “Addunyaan Atnatewosin jibbeera, Atnatewosis
addunyaa jibbeera” jedhamuuf gaheera. Bara sana kan ture qulqullichi Gorgoriyos kan
Inzinaazuu “utubaa mana kiristaanaa “jedhee isa moggaasera. Manni kiristaanaa Girikii immoo
“Abbaa Ortodoksii (Father of Orthodoksii)” jettee isa waamti.

(Kitaaba diyaaqon Yaaregaal Abegaz “ቅደስ አትናቴዎስ ሐዋርያዊ ሕይወቱ እና


ትምህርቱ” irraa kan fudhatame)

6.1.2 Barumsa Atnatewos isa duukaa bu’ichaa


Kitaabolee barataan Tewolojiii (Dubbii Waaqaa) kamiyyuu qo’achuu qabu keessaa kitaabolee
Atnatewos isaan hangafoodha. Kitaaboleen kun dubbii fayyinaa giddu galeessa kan godhatanii fi
iccitii Sillaasee fi iccitii foonii bal’inaa kan ibsanidha. Barumsasaa bal’aa keessaa agarsiisaaf qofa
xiqqeesinee armaan gaditti ilaalla

Barumsa Atanatewos Dukaa bu’ichaa waa’ee amalumaa Waqummaa Gooftaa


keenyaa
Ariyoos “Ilmi Waaqummaa isaatin umamadha” jechuunii fi shakkii isaa kanaafis akka tolutti
kitaabolee qulqulluu kessaa caqasoota akkaa baase akka isaaf tolutti akkaa hiike mana
kirirstaanaa yeroo jeequtti amaloota Waaqayyoo fi dubbii fayyinaarraa ka’uun, kitaabotas
daddarbii dukaa bu’otaan akkaa hiike oogummaa dinqiin deebii isaaf kenneera. Ariyos
“Anaaxiin (nama mana ijaaru) akka gamoo hojjechuusaan dura akka madooshaa hojjetu
Waaqayyoo Ilma (Ogummaa) jalqaba uumee isaan immoo umamoota kaan uume” isa jedheef
yeroo deebii kennu akkana jedhe.
“Waaqayyo uumamota ittin uumuuf uumama kan biraa uume kan jedhuu barumsa afoolaa
kana eenyutu isinitti hime? Eessaas argattani? Uumamoota kan ittiin uumuu umamni kan biraa
maalif isa barbaachise? Uumudhaan akka hin dadhabneefidha yoo jettan kuni dogongora
guddaadha. Isaayyas akkana jedhe “hin beekneyii? hin dhagenyeeyii? Waaqayyo waaqa bara
baraa uumaa fiixa lafaati : hin dadhabu, hin nuffu, hubannaan isaa hin qoratamu . Dadhabaaf
humna ni kenna, humna kan hin qabneef jajjabina ni dabalaafi”. Nama jecha kana beekuuf kun
ballessaa guddaadha. (Isaayyas 40:48). Waaqayyoo Kallachaan uumamota kan hin uumne
sadarkaa isaa gadi akka hin buusneefi yoo jedhamees barumsa jal’ataa kan biraadha. Yaa’iqob
duuukaa gara biyya Misiraa kan bu’e, Abrahaamif jedhee Saaraa kan eegeefi Abemelekin
dogongorraa kan deebise, Museen yeroo nama ta’u isa wajjin fulduratti kan waliin dubbatee fi
gara gaara Siinaattis kan gadi bu’e, kennaa isaa sammuu namaa ol ta’een Amaaleqotaan
ummatasaatiif kan waraane inni waan boonaa ta’eef uumamoota kan uumuufii jalqaba
uumama ogeessaafi abbaa humnaa ta’e uume akkamiin jedhama? Waaqayyoo kan boonu miti.

/Defense of the Nicene Creed, 7/

Barumsa Atnatewos isa Duuka bu’aa waa’ee Iccitii Foonii fi Dubbii Fayyinaa
Qulqulluun Atnatewos barumsa duuka bu’otaa fi Abbootii isa dura turan irraa kan fudhate
waa’ee Dubbii Fayyinaa giddu galeessa godhateetu kan kitaabolee hiiku. Ariyoosinnis kan moo’e
barumsi Ariyoos dubbii fayyinaa gatii kan dhabsiisu barumsa badaa ta’uusaa mul’isudhaani.
Kitaabasaa “Waa’ee Foonii” (On the Incarnation) jedhu irratti waa’ee Iccittii Foonii fi waaa’ee
fayyinaa akkana jedheera.
“Gaarummasaa isa hin dhumne nutti agarsiisufi nu fayyisuuf jedhee bakka hundaatti kan
agamu ,iddoo hunda kan guute, kan hin mul’atne fi kan hin jijjiramne Jechi Waaqayyoo (Ilmi
Waaqayyoo) amala keenya amala godhachuun gara keenya dhufe. Dhalli namaa gara
badiinsaatti akka deeme argee: Duuni ilmaan namaarratti harkasaa jabeessee hojii harkasaa
(Gooftaa) gara badinsaatti akka fudhate ilaalee: sanyiin namaa cubbuurratti cubbu akkaa
dabale gara badiinsaatti akka ariifate argee: hojii harkasaa (kan Gooftaa) kan taanu nuyi akka
badnu hin barbaadne. Kanaafuu nun fakkaatee foon keenya uffate. Kanaafis dubara cubbuu hin
qabnee fi dhiira hin beekne irraa ogummaa isaatin bultoo qulqullummaa akka taatuufi foon
isaa isheerre hojjeetee (uumee), isas immoo akka meeshaatti fayyadamee bakka waarreen
harka du’aan qabamanii ofii isaa arsaa of godhee Abbaatti dhiyeesse. Sanyiin namaa gara
badinsaatti (corruption) deemaa waan tureef foon uffateen du’ee, du’as moo’ee ka’ee, namni
kan irra deemu daandii jireenyaa haaraa ni hojjete.”

7.1 Barumsaa fi Jireenya Qulqulluu Baasiliwos kan Qiisariyaa Xiqqoodhaan


7.1.1 Seenaa Jireenya Qulqulluu Baasiliwos
Qulqulluun Baasiliwos Qaphodoqiyaatti kan argamtu Qisaariyaa kessatti naanno bara 330
DH.K.B dhalate. Abbaan isaa Baasiliwos (isa hangafa), haati isaa Imiliyaa jedhamu. Maakrinaa
kan jedhamtuu fi amantaasheetti kan jabaatte obboleeti qaba ture. Qulqulluu Abbaa keenya
Gorgoriyos kan Nusis waliin obbolota dhiiraa afur (4) fi kan dubaraa afur (4) qaba.
Abbaan isaa Baasiliwos dandeetti dubbachuutiin kan beekamee fi kiristaana sooressadha
ta’uum isaa Baasiliwos guddina gaarii kiraastanawaa ta’e akka qabaatufi beekumsaanis akka
cimu isa gargaarera. Qulqulluun Baasiliwos kan Qisaariyaa abboota Qaphodoqiya (Cappodocian
Fathers) jedhamanii kan bekaman (Gorgoriyos kan Nusis, Gorgoriyos kan Inzinaazuu) keessa isa
tokko yeroo ta’u jalqaba gara Qusxinxiniyaa deemee barumsa seeraa fi dandeetti dubbachuu
ega baratee booda, ogummaa bara Sanaa kan ta’an kanaan fayyadamee akkuma abbootii bara
Sanaa hanga Barsiisummaatti ga’eera.
Boodarratti Akkoo fi obboleettin isaa jaalala irra bulchanirraa kan ka’e naannoo bara 357 Dh.K.B
gadaamota Filisxeem, Sooriyaa, Misiraa (Gibxii) fi Mesopotamiyaa naanna’ee eega argee booda
jireenya manakusee (qofaa) jalqabeera. Qulqullichi Baasiliwos hojii gaarii fi hojiilee afuuraa kan
jaalatu akka ta’e ni dubbatama.
Jalqaba jireenyasaa qofaa irratti jeequmsa Dubbii waaqarratti ka’an irratti hin hirmaatu ture.
Booda garuu “Ilmii fi Afuurri Qulqulluu Abbaan gadhidha” kan jedhan Ariyoosotni fi hafteen
Ariyosotaa mana kiristaanaa yeroo jeeqan barumsa ishee eegsisuuf fulduratti hireeree
qabsuura godheera. Lubummaadhaan, yeroo hangafni phaaphaasii Qisaariyaa du’ettis bara 370
Dh.K.B hangafa phaaphaasii Qisaariyaa ta’ee muudamee mana kiristaanaa tajaajileera.
Qulqullicha Baasiliwos sirna manakusootaa naanna’ee arge bakka jiraatutti babal’iseera.
Dabalataanis manneen kiristaanaa addunyaatti fudhatama kan qabu kitaaba kadhannaa
qiddaase barreeseera. Hanga bara ammaatti kan ga’an kitaaba Amantaa Abbootaa (ሃ ይማኖተ
አ በው) irratti kan sassaabani barnoonni isaafi “waa’ee Afuura Qulqulluu” kan jedhamu kitaabni
isaa caqasamoodha.
Hiriyaa isaa Gorgoriyos kan Inzinaazuu fi Obboleessa isaa Gorgoriyos kan Nusis waliin ta’anii
barumsa shakkitoota bara Sanaa fashaleessaniiru. Mannnen kiristaanaa addunyaaf abboota ifa
ta’anidha. Waliin ta’anii qabsuura waan gaggeessaniif hayyootni Dubbii Abbootaa “Qulqulluu
Sadummaa (Sillaasee) barumsa isaanin kan kabajan Abbota sadeen (trinity who glorified the
Holy Trinity)” jedhanii waamu.

7.1.2 Qabiyyee kitaabota Qulqullicha Baasiliwos


1. Barruulee waa’ee jireenya Gadaami ibsan: Maalummaa jireenya Gadaamii, qabsuuraa fi
qajeelfamoota jireenya garee (jireenya walinii) ilaalchisee barruulee barreesedha.
2. Barreeffamoota Doogmaa (barumsa amantaa)

 Mormii Yunaames (Against Eunamius):- Walakka Ariyoosota kan ta’an Barumsa


Yunaamesiin mormee kan barreesseefi kitaaba kutaa shan qabudha.
 Waa’ee Afuura Qulqulluu (On the Holy Spirit):- Afuurri Qulqulluu Abbaa fi Ilma
waaliin kan waaqeffatamu Waqaayyoo uumaa ta’uun isaa kan itti barsiisee fi
Maqdoniyosii fi hafteen Ariyosotaa baumsa “Afuurri Qulqulluu Uumamadha “
jedhuufi dubbisa kitaabota qulqulluus barumsa isaani kanaaf akka tolutti
godhanii isa hiikaniif sirreessee hiikera.
 Kiitaba Aksimaaros: waa’ee uumamota guyyaa ja’anii kan itti ibsedha.
3. Hojii hiikkaa kitaabolee gara biraa
4. Lallaboota: waa’ee doogmaa, amala gaarii fi sirna mana kiristaanaa ilaalchisee lallaboota
lallabedha.
5. Xalayoota adda addaa: ergaa fi xalayoota gara iddoo fi abboota gara garaatti ergamanidha.
6. Qiddaasee Baasiliwos: Kadhannaa Qiddaasee sirna Qiddaasee duuka bu’oota irratti
hundaa’ee kan katabamedha. Qiddaaseen Baasiliwos kun mana kiristaanaa Itiyophiyaa
dabalatee manneen kiristaanaa addunyaa irra jiranitti beekamaadha.
7. Kitaabota biraa kan badan

7.2 Barumsa Qulqulluu Baasiliwos Xiqqoodhaan


Akkuma armaan oliitti ibsinetti bishina barumsasaarraa kan ka’e “Basiliwos Guddicha (Basil The
Great)” jedhamuuf kan ga’ee fi barsiisuudhaan nama dadhabedha. Kanaafuu barumsa isaa
hubachuuf kitaaboleesaa qalbeffannaan dubbisuun barbaachisaadha. Agarsiisaaf jecha barumsa
isaarra xiqqoshee armaan gaditti ilaalla.
Jechoota babbareedaa qofa fayyadamanii haala jireenya Waaqayyoo sirritti ni beekna kan
jedhan akka Yunamesii fi shakkitootni isa fakkaataniin akkana jedhee itti dheekkama.
“Kuni ol ol of qabuu akkamiiti? Amala Waaqayyoo beekneerra kan jedhan shakkitoota
ilaalamee! Yeroo ol of qaban “Teessookoo urjiilee Waaqayyoon ol nan godha” kan jedhe
Seexanaan wal fakkaatani. (Isayyaas14:13) Isaan kanarrallee darbaniiru! Beekneerra kan
jedhan Urjilee miti! Samiwwanis miti! Amalumaa isaatin beeknerra kan jedhan uumaa
addunyaati! Isaan haa gaafannumee? Amala Waaqayyo akkamiin beekan? Sammuu uumama
namaa keessa argamu fayyadamaniituu? Kana taanaan immoo Waaqayyoo jiraachuusaa
malee amalli isaa maali kan jedhu beekun hin danda’amu. Egaan akkana ta’uu baannaan
barumsa Afuurri Qulqulluu isaanif ibseerraa argatanii ta’aa? Barumsa kamitu amala
Waaqayyoo qo’achuun danda’ama kan jedhu? Eessaa argatani? Icciitiisaa isa dhoksaa kan
ibseefii Daawit inni guddichi “Beekumsikee ana caalaa dinqii taate. Ni jabaattes. Ani garashee
gahuuf hin dandeenye” hin jennee? (Faaruu 139:6) … Amala uumamotaallee qo’atanii bira
gahuun akkamiin danda’ama?”
Faaruu Daawit 13:1 irratti kan argamu “Yaa Gooftaa, dunkaana keessa Enyutu bula? Gaara
Qulqullummakee keessas eenyutu jiraata?” isa jedhu kitaabasaa “Jireenya Afuuraa” irratti
yeroo hiiketti akkana jedhe.
“Yaa Gooftaa, dunkaana keessa Enyutu bula? Gaara Qulqullummakee keessas eenyutu jiraata?
Dunkaana keessa buluun keessummummaa agarsiisa. Gara wanta mijaa’aatti qajeeluu fi wanta
amma jiran irratti diriirfatanii taa’uu dhiisuu mul’isa. Deemsi qulqullotaas addunyaa kanaaf
keessumma isa dhufuuf ce’umsadha. Daawit “Ani lafarratti godaanaadha. Akka abbotakoos
keessummaadha“ kan jedhe isa kanadha. Abrahaam lafa kanarratti godaanaadha. Bakka
miilasaa kaa’ullee waan hin qabneef bakka awwaalchaa illee kan argate biteetudha. …
Wantootni biyya lafaa qabeenya isaa akka hin taane hubatee akka isa hin ballesinee kan godhu
isaaf galatni ni barbaachisa. … Wanti biyya lafaa kansaa akka hin taane lakkaa’ee kan bakka
hin kennineefi, qabeenyi kan badu ta’uusaa nama hubatu, fayyaanis kan yeroo hundaa akka hin
taane nama qalbeeffatu, kabajni namaas kan yeroo murtaa’aaf akka ta’e nama hubatu
argachuun garuu cinqiidha (rakkisaadha)”
“… Itti fufees Gaara Qulqullummakee keessas eenyutu jiraata? Jedha. Namni foon isaatiin
kessummaa fi godaanaa ta’e gaara sanarra, biyya samii ifaan guutamte, qulqullichi Phaawulos
akka jedhetti “ Garuu gara gaara Tsiyon gara magaala Waaqayyo jiraataa geessanittu, gara
Iyyerusaalem ishee samii, gammachuun kan sassaabaman gara ergamoota hedduu, samirratti
kan barreefaman gara waldaa hangafootaa”(Ibroota 12:22) biyya sana bula.”

8. Jireenyaa fi barumsa Abba Giyorgis kan Gaasiccaa Xiqqodhaan


8.1 Seenaa Jireenya Abbaa Giyorgis kan Gaasiccaa
Abbaa Giyorgis kan Gaasiccaa abbaa isaanii HizbeTsiyonii fi harmee isaanii ImmineTsiyon har’a
wal’oo kessa bakka Booranaa jedhamtu bara durii immoo Walaqaa waradaa Shaglaa bakka
jedhemteetti bara 1357 Dh.K.B dhalatani. Fira lubootaa kan ta’an abbaa fi haati isaa seera
waaqayyoon kan jabaatani namoota gaarii akka turan qabsuurri isaani ni hima.

8.1.1 Adeemsa barumsaa Abbaa Giyorgisii


Seenaan isaani kan Yaared wajjin wal fakkaata. Umriin isaa barumsaaf akka gahetti abaansaani
Hizbe Tsiyon gara gadaami Hayq Isaxifanosii geessanii barsiisaa Sereqe Birhan jedhamanitti yoo
kennamanillee barumsi akka salphaatti isaanif galuu akka hin dandeenye qabsuurri isaani ni
hima. Kanarraan kan ka’e gadaamicha hojii humnaan akkaa tajaajile, fakkii Giiftii keenya duratti
hedduu akkaa sagade barumsa isaa akka isaaf ibsitu baay’isee kadhachaa ture. Dhumarrattis
Giiftiin keenya ergamaa Uraa’elin duukaa dhuftee akka raajicha Iziraa dhugaatii beekumsaa
(ጽዋዏ ልቡና) akka isa dhugsiiste qabsuurri isaa ragaa ni baha. Kanaan booda icciitiin
kitaabolee isaanif mul’atee barrulee adda addaa akka barreessaniif jireenya ququllummaatinis
bareedanii akka jiraatani qabasuurri isaanii ni hima.
Namoota beekumsa isaa kanatti inaaffanii fi shakkittota irraa gidiraa baay’ee fudhateera.
Moototni bara Sanaa akka inni godaanuf godhaniiru, yeroo baay’ees isa reebsisaniiru.
Kanarraan kan ka’ees dhukkuboota baay’eee miidhamee, osoo hin dulloomin waggaa
jaatamatti (60) akka boqatan qabsuura isaanirratti katabameera.
Abbaa Giyoorgiis beekumsa kitaabolee fi jireenya qulqullummaasaninittin kan raga bahameefii
waan ta’eef gaaffilee warri Yihodotaa fi shakkitootni bara Sanaa dhiyeessaniif deebi kennuuf
dursee kan argamu ture. Shakkitoota kanneen kessaa Ayhudiin tokko “ Gooftaan keessan Ilma
Waaqayyoo yoo ta’e Alaazaariin eessati awwaaltani jedhee maaliif gaafate?” jedhee gaaffii
kaaseef Abba Giyorgis “waaqayyoo Abbaan kakuu moofaatti “yaa Addaam eessa jirta?” jedhee
kan gaafate, Abrahamiinis haati manaakee Saaraan eessa jirti jedhee maaliif gaafate?” jedhee
qaanesseera.
Abbaa Giyoorgis beekumsaan qofa otoo hin ta’iin jireenya isaatinis nama qulqulluu akka a’e
qabsuurri isaa ni hima. Kanarraa kan ka’es otoo lubbuun jiruu qulqulluu Pheexrosii fi Phaawulos
isatti mul’atanii akka isa faana dubbatanii fi qilleensaanis akka xalayaa erge qabsuurii isaanii ni
hima.

8.1.2 Kitaabota Abbaa Giyorgis kan Gaasiccaa


Mana kiristaanaa Itiyoophiyaatti kitaabolee fi barrullee hedduu barreessuudhaan Abbaa
Giyorgisii fi qulqulluu Yaaredinn kan qixxaatu hin jiru. Lakkofsi kitaabolee inni barressee
beekamuu baatullee qabsuura isaarratti kan caqasaman keessaa xiqqoo dhiyeessina.
1. Argaanon: Kitaabni kun galata Giiftii keenyaadha. Kitaabni Argaan kan guyyaa torbaa
ta’ee qophaa’e.
2. Weedduu galataa (እንዚራ ስብሐት) :- Kitaabni kun galata Giiftii keenyaadha. Qixa
qubeewwan Gi’izitiin gGiiftii keenya kan itti galateeffateefi iccitii foonii kan itti
ibsedha.
3. Galata Duuka Bu’otaa:( ውዲሴ ሐዋርያት):- Kitaaba kana Abbaa Giyoorgis mana
hidhaa kessa yeroo turetti akka barreessee ni himama.
4. Kitaaba Icciitii (መጽሐፈ ምሥጢር):- Kitaabni kun beekumsaa dubbii amantaa
abbaa Giyorgis bal’inaan kan itti mul’atedha. Kitaani kun barumsa shakkitootaa
mormuuf kan barreeffamedha. Kitaabni kun namoota daddaffin barreessuu
danda’an shan (5) inni afaaniin itti isaan immo katabaa boqonaa malee guyyaa
saditti akka xumuran ni himama. Barreesitootni kunis kan gaheesaanii walitti fidanii
kitaaba tokko godhan. Abbaa Giyoorgisis dubbisee dinqisiifate. “ Ani jechoota
kitaaba kanarra jiran hin dubbanne, Afuurri Qulqulluu na dubbachisse malee” jedhee
raga bahuunsaa qabsuurri isaa ni hima.
5. Galata Fannoo (ውዲሴ መስቀል)
6. Kitaaba sa’atii kan guyyaa fi kan halkanii (መጽሐፈ ሰዓታት ዘመዓልት ወዘሌሊት):-
Akkuma moggaasni isaa ibsutti kitaabni Sa’aatii kan guyyaa fi kan halkanii jedhamee
bakka lamatti qoodama. Kitaaba sa’atii kan jedhamees galata kan sa’atii hundatti
godhamu waan qabateefi.
7. Balbala Ifaa (ኁኅተ ብርሃን):
8. Kitaaba Ifaa (መጽሐፈ ብርሃን):- Kitaabni kun daandii Waaqayyoo fi kabaja dubree
Maariyaam ibsu kan barraa’edha. Mootichi ZeraYaqob kitaaba “መጽሐፈ ብርሃን”
jedhu haa qabaatuyyu malee moggaasaan malee qabeeyeedhan kitaaba kana
duukaa wal hin fakkaatu.
9. Hiikaa Amantaa (ፍካሬ ሃይማኖት):- Abbaa Giyoorgis sababni inni kitaaba kana
barreesse, Ajajaan waraanaa mooticha Daawit kan ta’e Tewodros yeroo wa’ee
amantaa ishee sirrii isa gaatatetti deebii kennuudhaaf akka ta’e qabsuurri isaa ni hia.
10. Kitaabota Qiddaasee (ቅዲሴያት):- Abbaan giyorgis waqtii abaabotti kan ittiin
galateeffatan Qiddaasee akka barreesseefi kunis Gaadmota tokko tokkotti akka itti
fayyadaman ni himama. Kitaabota Qiddaasee kan hin maxxanfamne kan biros akka
barreesse namootni qo’annaa gaggeessan ni dubbatu. Qiddaasewwan hedduun
qabiyyeedhaan waan wal fakkaataniif barreessaan isaanii Abbaa Giyorgisidha
namootni jedhan ni jiru. Kuni qo’annaa gara biraaf kan affeerudha malee isadha
jennee guduunfuun hin danda’amu.
11. Galata Galataa (ውዲሴ ስብሐት)
12. Jireenya Maaramii (ሕይወተ ማርያም)
13. Raajii qulqullootaa (ተአምረ ቅደሳን)
14. Kadhanna manaa (ጸሎት ዘቤት ቤት)
Ragaaleen hamma ammatti jira kitaaboni abbaa Giyorgis barreessan afurtamaa ol akka ta’an ni
ibsu. Armaan olitti kan caqasaman maqaadhaan sirritti kan beekamanidha.

8.1.3 Barumsa Abbaa Giyorgis Xiqqoodhaan


Bal’ina beekumsa amantaa Abba Giyorgis barreeffamoota isaanirraa hubachuun ni danda’ama.
Barumsoota Abbaa Giyoorgis irraa ilaaluu kan dandeenya waa’ee Dubbii Waaqayyoo laphee
amantaan guutameeni fi qooqa ifa ta’een ibsuudha. Abbaan kun barumsoota isaa daddarboo
abbotii durii irraa ka fudhateefi jirrenya isaatin kan mirkaneeffate akka ta’e raga nib aha.

Barruu isaa kitaaba Iccitii (መጽሐፈ ምስጢር) irratti yeroo shakkitootatti dheekkamu “ofii
isaanii sagalee Waaqayyoo kan dheebotan yommu ta’an akkamin barsiisota wangeela ta’uu
danda’u?” jedheera. Dhugumatti barsiisaa wangeelaa ta’uuf jalqaba ofii sagalee waaqayyoon
quufuun akka barbaachisu abbaa Giyoorgis ragaadha. Barumsa tokko ibsuuf Seera uumaarraa
kaasee hanga Mul’ata Yohaannisitti kan deddeebi’u abbaa Giyorgis, kitaabolee qulqulluu
ba’inaan akka beeku barruuleen isaa ragootadha.
Beekumsa kitaabotaan alas dandeetti qooqaa bareedaa kan qabuufi of ilaaluf dhiyoo kan ta’e
lapheensaa dhugumattuu qulqullootaa fi hayyoota duukaa akka hiriiru nu hubachiisa.

Barumsa Icciitii Sillaasee Abbaa Giyorgis kan Gaasiccaa


Barumsi icciitii Sillaasee Abba Giyorgis Abboota mana kiristaanaa kan durii kan akka
Atnatewosfaa duukaa kan wal simatedha. Barumsi Icciitii Sillaasee barruuleesaa kessatti
argaman yoo ilaalle, lubbuu nama dubbisuu Sanaa ibidda dandeetti ibsuu isaatin kan ho’isuu fi
bareedina jechootaatin iccitii dubbii waaqayyo isa sammuu ol ta’e ibsuudhaaf Waaqayyoo
afaan isaa kan bareecheefi lapheesaas qulqulluumaan kan uffise ta’uusaa kan hubachiisanidha.
Kitaabota isaa keessaa Afaan Gi’izii fi oromiffaan caqasuun kaayyoo barreefama kanaa wajjiin
deemuu baatullee, Abbaa Giyorgis barruulee isaanii afaan Gi’izitiin waan barressaniif bareedina
barreeffama isaanii agarsiisuf jecha iddo tokko tokkotti Afaan Gi’iizii fi Oromiffaan caqauuf
yaalla.
Abbaa Giyorgis kitaaba Icciitii irratti jalqaba dubbisa Faasikaa jimaataa irratti akkana jedheera.
‹በስመ እግዚአብሐር ዘይሤለስ በተዋሕዶቱ ወይትወዯስ በትሥልስቱ
አኃዜ ዓለም በመንግሥቱ ምሉአ ኩለሄ በመለኮቱ
አበኩሉ በኂሩቱ ረኁቀ መዏት በትእግሥቱ
መጽዯቄ ኃጥአን በሥምረቱ መቅለሌ ዕጹብ በክሂሎቱ
ጠቢበ ጠቢባን በተኬንዎቱ ወአልቦ ዘይትቃወማ ለጽንዏ መዓቱ ዘእንበለ ኃይለ
አድኅኖቱ
ወአልቦ ዘያቆርራ ለእሳተ ቅንዏቱ ዘአንበለ ጠለ ሣህሉ ወምህረቱ
ዘይወርድ እመዝገበ ቤቱ
ለዓለም ዓለም አሜን ወአሜን›
Hiika:
“Tokkummasaatinn kan galateeffamu, saddumaasaatin kan isaaf weeddifamu, Addunyaa
motummaasaan kan qabate, Waaqummaasaan bakka hundatti kan argamu, gaarummaasaan
Abbaa hundaa kan ta’u, obsa isaatin dheekkamsarraa kan fagaate, hayyama isaatiin cubboota
kan fayyisu (lalisu), dandeetti isaan rakkina keenya kan salphisu, ogummaa isaan ogeessa
ogeessota caalu, humna fayyinasaan ala jabina dheekkamsasaa namni kan hin dandeenye,
Dhiifamaa fi gadda (namaaf yaaduu) galmee manasaarraa bahun ala ibidda inaaffaasaa
qabbanessuu kan dandahu kan hin jirre, maqaa Waaqayyoon hanga bara baraatti Amen
Amen!”
Abbaa Giyorgis barumsa iccitii Sillaasee isaa irratti shakkitoota qaama Sillaasee wal caalsisan
(Abbaan Ilma caala, Ilmi Afuura Qulqulluu caala warreen jedhan) jabbeessee balaaleffata.
Kitaaba Iccitii dubbisa lallaba Gannaa (ayyaana dhaloota Gooftaa) irratti akkana jedha.
“Abbaan ifa akka ta’e Ilmis ifa nama hundaaf ifudha. Ilmi akkuma ifa ta’e Afuurri Qulqulluus ifa
hanquu hin qabneen kan jiraatu Ifadha. Abbaan ibidda hin tuqamne akka ta’e Ilmis Ibidda hin
qabamnedha. Ilmi ibidda hin qabamne akkuma ta’e Afuurri Qulquluus ho’a amantaatiin mana
kiristaanaa kan ho’isu Ibiddadha. Abbaan human hin argamne akka ta’e hunda Ilmis nama
ta’uusaan ala human hin mula’annedha. Abbaan Waaqa dhugaa akka ta’e Ilmi Waaqa
dhugaadha. Ilmi akka waaqa dhugaa ta’e hunda Afuurri Qulqulluus Isaanin tokko kan ta’e
Waaqa dhugaadha.”
Barruusaa kan birraarratti immoo Iccitii Sillaasee bifa galataa fi kadhannaan akkanatti
dhiyyeessa.

“ቅደስ ቅደስ ቅደስ እግዚአብሔር ዘበተዋሕዶ ይሤለስ እምኀበ ትጉሃን ይትቄዯስ፡፡


እሳተ ሕይወት ዘኢይትገሠሥ ወዘኢይትጤየቅ ለዓይን ረቂቅ መንፈስ፡፡ ንሰግድ
ለትስልስቱ አሐተ ስግዯተ ወሎቱ ናቄርብ ስብሐታተ”
Hiika:
“Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu Waaqayyoo Tokkumaasaatin Sadummaa kan qabu, namoota
cimoon kan galateeffamu, Ibidda jireenyaa kan hin tuqamne, ijaan kan hin qo’atamne afuura
dha. Sadummaasaaf sagada tokkitti sagadna, Isaafis galata dhiyeessina.” (Kiitaba sa’atatii)
(መጽሐፈ ሰዓታት)
Barumsa Abbaa Giyorgis Waa’ee Icciitii Foonii
Abbaa Giyoorsii abukaatoo dhaabbateefi kitaabota isaa heddu isaa irrattis mata dureewwan
bal’inaan barsiise keessa inni duraa Iccitii Fooniiti. Shakkitoota deebi dheekkamsaa deebiseefi
kessaa Nisxiros, Roxiyes, Saawiross kan Hindii, Taa’odosiyos kan ISkindiriyaa (kan Misiraa),
Aburiyos, Ifreks, Filabiyanos ni argamu. Shakkitootni biroos Shakkin isaani bal’inaan iccitii
Fooniirratti waan ta’eef bal’innaa barsiisera.
Qorichi keenyi, Gooftaan keenyi Iyyesus Kiristos qaama lama amala lama qaba kan jedhu
Nisxiroosiif deebii yeroo keennutti waa’ee iccitii foonii akkanatti barsiisera.
“Jalqabas Qofaasaa kan ta’u Waaqayyo Qofaasaa kan ta’u Waaqayyorra kan dhalate,
bara booddeettis Qofaasaa kan ta’u Ilmi Waaqayyoo Tokkitti kan taatu mucaa Daawit irraa
dhalate. Jalqabarratti Inni hin mul’atne isa hin mul’anne irraa dhalate, boodas kan hin Mul’anne
ibiddi jireenya inni kan tuqamtu mucaa Daawit irraa Fooniin dhalate. Dura jalqabni jirernya isaa
yoom akka ta’e otoo hin beekamin dhalate, boodas baroota kan uume, waggootas kan
murteessu Inni intala xiqqoo waggaa kudha shan (15) taaturraa dhalate. Dhalootasaa isa
jalqabaa Iccitii, dhaklootasaa isaa boodaa immo dinqii (ajjaiba) godhe.” (Kitaaba Iccitii dubbisa
Ganna) (/ መጽሐፈ ምስጤር የጌና ምንባብ/)

Hangafa Phaaphaasii Liyon Iyyesus Kiristos amala lama qaba jedhee barumsa barsiiseef deebii
yeroo kennutti akkana jedhe:-
“Abbaan qorichaa intala dhukkubsattotaa bira bule, isheerraas foon biyya lafaa uffate
(Waaqummaasaa wajjin tokko godhe). Dhukkubsattootaafis aakka ta’uuf Waaqummaa isaa
wajjin tokko godhe. Abbaan qorichaa samiirraa waan bu’eef mana Daawititti uleen fayyinaa ni
argame. Waaqummaan isaa foon wajjiin tokko yoo ta’e malee fayyinni akka hin argamne
Abbaan qorrichaa ni bare. Kanaafuu ofiisaa nama ta’uuf of kenne. Dhukubsataan ofiisaaf
fayyina gochuu hin danda’u, Garuu qoricha ittiin faayuu horiisaatiin akka kennuufii Abbbaa
qorichaa ni kadhata.”
Dhumarrattis “Foon kiristoos Samiirraa kan bu’e dha” kan jedhan Aftikisotaaf yeroo deebii
dheekkamsaa kennuufi waa’e nama ta’uu Ilma Waaqayyoo kan dubbate keessaa caqasnee
mata duree keenya barumsa abbaa Giyorgis waa’ee iccitii foonii xumurra.
“Isin Gowwootni lapheen keessan amanuurraa ka fagaate, Addaam Nuyi keessaa akka tokkoo
ta’e jedhee dubbachuu dursuun isaa, sanyii Addaam irraa nama ta’ee dhalachuu isaa
hubadhaa. Qorichi keenya Foon Addaam uffachuusaan ala Addaam akka Waaqayyon ta’uun
isaa maalini? Foon sanaan lafarratti gidiraa uffate, Foon sanas samiirratti kabaja gooftummaan
uffise.”
“Waa’ee gadi of qabuu dubbachuu haa dursinu, Humni gadaamessa dubaraa keessa bule,
ibiddis uffata kan isaaf ta’e foonii fi dhiigaan xaxame (uffate). Fakki ijoolle gadaamessa
haadhaatti kan kaasu inni fakkii ijooleetiin fakkii ka’e, Abbaan Hewaan Intala Hewaanii irraa
dhalate, Kirubeel irra kan taa’u inni jilbarra taa’ee hammatame, Ibidda kan ta’an bineensota
afran irra kan taa’u inni loonii fi Harree giddu rafe. Foon kan uffate hundaaf nyaata kan kennu
inni harma keessaa annan dhuge, Barootaa fi yeroodhaan kan jaarsome inni xiqqoo
xiqqoodhaan guddate, Ijoollummaasaanitit ijoollee kan eegu inni dirrerra jilbaan deeme,
lakkofsi barootasaa kan hin beekamne inni namummaa isaatiin dargageessa ta’e, gaara human
isaatiin ka dhaabu inni ni dadhabe, Suraafeli fi Kirubel isa tuquu kan hindanda’amneefii
Dubartiin sagaagltuun dun jilbasaa, isheen dhiigdu unis uffata isaa tuqan”

Kitaaba Iccitii Dubbisa Fannisamuu Kan Jimaata sa’atii sagalii /መጽሐፈ ምሥጢር
የዓርብ ስቅለት የዘጠኝ ሰዓት ምንባብ/

Barumsa Abba giyorgis waa’ee dubbii fayyinaa

Dhumarra Abbota durii irraa kaasnee yeroo ilaallu giddugaleessi barumsi amantaa kiristaanaa
dubbii fayyinaati. Barruulee Abbaa Giyorgis keessattis kan argannu kanumadha. Barruelee isaa
kessaa tokko kan ta’e Galata Fannoo (ውዲሴ መስቀል) irratti akkana jedha.
“Dhugumattuu Ilmi Waaqayyoon du’uun isarra ture, warreen du’aniif akka jireenya kennuufi
Dhugumattuu Ilmi Waaqayyoon du’uun isarra ture, Fanno isaatiin addunyaa kan qulqulleessuuf
otoo fannifamuu baate jireenya hin argannu turre. Dogongorri Yihudotaa Warreen hin
amanneef (ለአህዛብ) isatti amananii jireenya isaanif ta’e. Ifni (gooftaan) uffataan
haguuggamuu waan hin qabneef Isa fannisuuf uffata irraa baasanii qullaasaa hambisani.
Warreen isa barbaadan akka isa argataniif qodaa ifaa (በማብሪያው ላይ) ta’uun waan isa
barbaachisuuf fannoorra isa baasan. Ifni lafarra taa’uu waan hin qabneef, Warra ifasaan
deddeebi’aniif ibsuus gara qodaa ifaa (መቅረዙ) irra taa’uun isa barbaachisa. Wangeelarratti
akkana jedhee akkuma nutti himetti “Ibsaa ibsanii siree jala hin kaa’an , koochootinis in
dhoksan, garuu hundumaaf akka ifa bakka ol jedherra kaa’u”

“Qodaa ifaa (መቅረዝ) kan jedhame fannoodha. Ibsaa kan jedhames Amaanu’elidha, egaan ifa
Ilma Waaqayyoon haa deddeebinu. Kan isatti amane huni gara ifaatti deema. Dukkannis isa hin
argatu. … Maqaa fannootiin iccitiin afaan (qooqa) namaan ibsuun hin danda’amne jira. Maqaa
fannootiin iccitiin waldaa warra isa fannisanii bittinneessu jira. Maqaa fannootiin iccitiin mataa
bofichaa rukutu jira.”
Diyaaqon Daani’el Kibret, Galata Fannoo /ዲንአል ክብረት (ዱ/ን)፣ ውዲሴ
መስቀል፣2005 ዓ.ም ገጽ 70/

Kitaabuma kanumarratti (Galata Fannoo) iddo biraatti akkana jedha.


“Yaa Gooftaa gadi of qabuunkee warra ol of qaban ni kuffise, Humni Fannookees Si’iiliin
balleesse, Du’a keetiin warra du’aniif jireeenya kennite, Du’aa ka’uu keetiin warri si fannisan
qaana’an, harki yeroo mismaaraan waraname garaan diinaa ni rukuame, Eeboo fannoo keetiin
bineensichi waraaname, Seefii (albee) Waaqummaa keetiin ergamaan du’aa mataansaa
kutame, human ulee keetiin mataan bofichaa qabame, Ati fannoo keetiin Jawwee isa guddicha
ni hiite, eegee isaatiin gaarawwan addunyaa kan harkisu, warra jabaatanis kan moo’e, nyaara
isaatiin laga Yoordaanos kan gogse, hin dhangala’us ture, ijasaa erga baneen booda guyyaa
torbatti sassaabama ture, eenyumtuu danda’ee fuldurasaa hin dhaabatu ture, Ati garuu Fannoo
keetiin qaanessite, Lagichas ni guutte, Funyaan isaa akka simbiraa boolla goote, dabalataanis
qubeelaa irra goote, hidhamtoota Si’iloofis itti mul’atte, loltoota si’oolinis qaanii itti uffiste.”
“kan boosisaa turan ni boo’an, ni iyyanis, warri madeessan ofii mada’aan, warri nam dhukubsaa
turan ofii dhukkubsatani, warri boo’anis ni gammadan, gammachuunis utaalan, warri hidhaanis
fannokeetin hiikaman, dhukkubsatootni ni fayyan, Fannooketiin abaarsi Addaam ni bade,
Hewaanis bilisa baate, Fannookeetiin haguuggaan dukkanaa lamatti bahe(tarsa’e), abdii fi iftis
ni ta’e, Fannooketiin galmi sibilaa ni cabe, cufni sibilaas ni caccabe, Fannooketiin galmi
Gannataa ni baname, boqonnaanis ta’e, Fannooketiin jechootani kakuu moofaa hundi xumura
argatan, jechootni rajotaas cufa argate, Fannooketiin oduun nageenyaa kenname, Duuka
bu’ootnis warreen hin amanne akka waamaniif ergamni. Fannooketiin wangeelli Waaqayyoo
lallabame, ummatnis ni amane.”

Diyaaqon Daani’el Kibret, Galata Fannoo /ዲንኤል ክብረት (ዱ/ን)፣ ውዲሴ


መስቀል፣2005 ዓ.ም ገጽ 100/

Barumsa Abbaa Giyoorgiis Waa’ee Icciitii mana Kiristaanaa


Abbaa Giyoorgis waa’ee iccitiiwwan mana kiristanaa barumsa babbareedan barsiisera.
Barbaachisummaa Iccitiwwan mana kiristaanaa qofa otoo hin ta’in kennaa waaqayyoo isaan
irraa argamus haala bareedaa ta’eeniifi sammu namaaf akka galutti godhee ibseera.
“Amanamtuu kan taate haatikoo fi haati keessan qulqullitiin mana kiristaanaa dibaa waaqa
Abbaa jala boqatti, Yaa gooftaa dibaabakee jalatti eenyutu boqota? Mana Qulqullummakee
kessas eenyutu bula? Jedhamee akka barreefametti. Mirgi isaa na hammatti, bitaan isaas
boraatii naa taati, Misirroo ishee Ilma Waaqayyoon akkaa gammade harka isaa irratti hirkatti
(boqatti). Ifa Afuura qulqulluutiin lalisa Gannataa keessa ni deddebiti, Qulqulluun Afuura kee
daandii qulqullummarra na haa deemsisu jedhamee akka barreefametti.”
“Kanaan booda Maqaa Abbaa kan Ilmaa fi kan Afuura Qulqulluun yeroo cuphamuu barbaaddu
gara laga Yoordaanos deemti Ilma isaaf raga kan ba’e Maqaa Waaqa Abbaan al tokko bishaan
kessatti ni cuuphamti. Lammaffaas Ilma Zakkariyas kan ta’e harka Yohaannisitti kan cuuphame
maqaa ilma Waaqayyoon bishaan kessatti cuuphamti. Ammas immoo bifa Gugeetiin mataa
iyyesuus kiristoos irra kan taa’e maqaa Afuura qulqulluun yeroo sadaffaa bishaan kesstti
cuuphamti. Kanaan booda yordaanos irraa baate tajaajiltuu Kiristos akka taatuuf dibata
Meeronii dibatti. Dibatini Meeronii akkuma Duuka bu’ootni kitaaba Didisqiliyaa irraatti
barreessan human amantaati.”

“Sanaan boodas Raajotni lallaba Argaanonii (አርጋኖን) gara dhageessisanitti, ijoollen Galilaas
galata qalbii namaa sassaabu, laphee namaas kan gammachiisuufi lafee namaas lalisu gara
galateeffatanitti, Pheexroos furtuu mootummaa Waaqayyoo gara fudhatetti, Phaawlos mana
kiristaanaaf ifa akka ta’uuf gara waamametti, Duuka bu’ootni hundis bu’uu Afuura
Qulqulluutiin dhangala’aa ibiddaa gara dhuganitti, Yohaannis Iccitii Waaqayyoo lallabaa akka
Xurumbaattti gara iyyutti, Ergamootni bakka aarsaa (መሠዊያ) waaqayyoo daawachuuf gara
tattaafatanitti, gatii gidiraa fi dadhaba isaanii gonfoo kabajaa kan godhatnai manaksootni fi
wareegamtootni gara argamanitti ni galti
“kanaan booda warra amananiif galma misirrichaatii laaqanaaf ni qalama. Qalma isaa
argusheerraa kan ka’e jilbi ishee ni hoollata, garaachi ishees ni boora’a, Bakka aarsaatti dhiigni
isaa dhangala’ee yeroo argitu sodaadhaan foon isaa ni nyaatti, Dhiiga isaa hollachaa dugdi,
kanaa booda laphee ishee kessa ibiddi amantaa ni ho’a, Ibiddi jaalalasaas garaa ishee kessatti
ni danfa”

Kitaaba Iccitii Dubbisa Cuuphaa /መጽሐፈ ምስጢር የጥምቀት ምንባብ/

Kamisa Faasikaa irratti kan dubbisamuufi Argeensiif (አርጌንስ) (Origen) deebi yeroo kennu
akkana jedhe.
“Kiristaanni isa xiqqoo (kan hin cuuphamne) kiristaana guddaa ta’uuf bishaan cuphaa
kadhannaan itti godhameen yeroo cuuphamu cubbu isaa duraarraa ni qulqullaa’a: Raajichi
Hiziqi’el Bishaan qulqulluun isinittin naqa, ni qulqullooftus akka jedhetti. Kanaan booda dibata
kabajaa isa dibu. Kunis Zayitii balasaan (Meeroni) dha. Daawit mataakoo zayitiin dibde akkuma
jedhe”
“Qulqulleen durse, kabajuunis itti aane. Akkasumas amantootni Gaabbidhaan of qulqullessuu
dursuu qaba. Sanaan booda qulqulloota akka ta’anii iccitii qulqullummaaa kan ta’a Foonii fi
Dhiigasaa fudhachuun isaanirraa eegama. Lubichi Qulqulluun qulqullotaaf jedhee waan itti
himuuf (ቅድሳት ለቅደሳን). Kana jechuunis ati kan foonif dhiigasaa kan fudhattu qulqulluu
akka taate of ilaali (gaabbii akka galte), Foon qulqullootaa kabajuuf hoolaan qulqulluun cubbuu
hin qabne waan qalameef. Kanaafuu inni qulqulluun qulqullootaaf jedheen raga siif bahe.”
Abbaa Giyorgis kitaaba galataa Argaanon irratti waa’ee Iccitii mana kiristaanaa ilaalchisee
wanta hedduu barreesseera. Fakkeenyaa galatasaa Argaanon kan dafinoo irratti Icciitii
Qurbaanaa ilaachise akkana jedheera.
“Ilma qulqulleettii kan ta’u Iyyesuus kan Naazret dhugumatti aarsaa jalatamaadha. Yeroo
qalamu kan diduu hin beekne, qalmi isaa dhuma kan hin qabne, loon qulqulluu, aarsaa
dhugaadha. Kan isa nyaatan kan qulqulleessu, kan isa fudhatan kan kabaju, inni dhugamatti
aarsaa qulqulluudha. Harka Israa’elotaatti kan aarsaa ta’e dhugamatti aarsaa qulqulluudha.
Harka Yihudotaatti kan aarsaa ta’e inni dhugamatti aarsaa qulqulluudha. Namoota isa waraanan
fulduratti loon gaafa isaan waraanne, warren isa qalan durattis hoola hin dubbanne inni
dhugamatti aarsaa qulqulluudha. Fedha isaatin kan gidiraa fudhate, kan du’e inni dhugamatti
aarsaa qulqulluudha. Guyyaa guyyaatti kan aarsaa ta’u, yeroo hunda jiraataa kan ta’eefi
tuqamuun bukkeesaas kan hin umne inni dhugamatti aarsaa qulqulluudha.”

Argaanon kan Dafinoo /አርጋኖን ዘሰኑይ/

Barrumasaa Argaanon kanarratti kabaja Tajaajiltoota (Lubootaa) akkanatti ibsa.


“Ibidda kana qabdudhaan (ጉ ጠት ) ala otoo hin sodaatin Lubni tuqu luba akkamiiti? Tuqusaa
kanas ni dinqisiifanna. Iddoo aarsaa kanatti nyaaticha kan qopheesu luba akkamiiti? Nyaata
qopheessuusaa (cabsee kennusaa) kana ni dinqisiifanna. Mucichi fuuldura abbaa fi mataa
haadhasaarra kaa’ee aarsaa godhu fakkaata. Wayinii iccitiichaa xoofootti kan qopheessu luba
akkamiiti? Qoheessuusaa kana ni dinqisiifanna. Dhiiga ilmaa fuldura abbaa fi mataa haadhaa
irratti yeroo dhangala’u kan waraabu fakkaata. Mushirricha albee malee kan aarsaa godhu
(ያለ ወቅለምት), misirittiinis foon mushirichaa akka nyaattuf kan ishee waamu, Ilmaan ishee
fonn Abbasaanitiin kan guddisu luba akkamiiti? Kanas ni dinqisiifanna. Hoolaa waaqayyoo
aarsaa gochuuf qubi isaa albee kan ta’eefii luba akkamiiti? Kanas ni dinqisiifanna.”

Argaanon kan Dafinoo /አርጋኖን ዘሰኑይ/

Dhumarrattis “Humni gara mana kiristaanaa hin bu’u, nyaatichis gara foon Kiristoositti hin
jijjiiramu kan jedhan, wayiniin xoofoo kessaas dhiiga Gooftaa ta’uutti hin jijjiiramu “ namoota
jedhaniif waa’ee iccitiiwaan mana kirirstaanaa isa dubbateen ni xumurra.
“Nuti garuu gantoonni ka’anii akka ishee hi raasneef Humni waaqayyoo mana kiristaana ni
eega jennee amanna. Kan ishee Isadha. Human ni baatti, humnas ni uffatti, human ni hidhatti,
humni ishee marsa, Gooftaa gooftotaa baattuu (ሠረገላ) waan ishee godheef. … Akasumas
nyaataa fi wayinii lubicha Yaa Gooftaa fooni fi dhiiga qoricha keenya Iyyesuus Kiristos akka
godhu nyaata fi wayinii kanarratti humnakee qulqulluu akka nuuf ergitu si kadhanna jedhee
yeroo iyyaafatu, Afuurri Qulqulluu bu’ee foonii fi dhiiga isaa goha. Otoo hin qoodamiin qaama
tokkoon yeroo jiraatu namummaan gara Waaqummaatti, waaqummaan gara namummaatii
akkuma hin jijjiiramne, nyaataa fi wayinicha irratti humni waaqayyoo yeroo irra bu’u bifaan hin
jijjiiramu.”
“Gadaamessa Maaramii keessa buddeenni jireenya ni bule. Kunis icciitii qulqulluu ta’eef firii
barakataa (eebbaa) ta’ee kan kennamesanyii Abrahaam irraa kan argamedha. Dhiiga
namummaasheerraa yeroo Afuurri Qulqulluu ishee daaw’ate firii wayinii ni godhatte. Humna
Waaqayyoo Abbaatiin waan golgameef, kan dubbatu dhiiga Waynii fi nyaata kan ta’e Foon
Waaqayyoo garaashee kessa bule.”
“kanaafuu Qorichi keenya buddeenni samiirraa bu’e anadha. Foon kan nyaate Foon koo waan
nyaateef jiraataa ni ta’a. Dhiiga koos kan dhugees du’a hin argu jedhe. Dabalataani Waaqni
Abbaan jiraataa aakkuma ta’e Anis Ilma Waaqayyoo waanan ta’eef jiraataadha. Foon koo kan
nyaates waan foonkoo nyaateef lubbuun jiraata jedhe. Kennaa akkanaa kana salphisnee
akkamiinis fayyina?”

Kitaaba Iccitii Dubbisa Jimaata Faasikaa / መጽሐፈ ምሥጢር የፋሲካ ዓርብ


ምንባብ/

Barumsa Abba Giyorgis waa’ee dubbii Maaramii


Abbaan Giyorgis akkuma abbota mana kiristaanaa hunda Giiftiin keenya durbee Maaramii
dubbii fayyinaa kessatti bakka isheen qabdu bal’inaa barsiisera. Barumsootasaa kan
biraarrattillee iccitii isaa waliin qabsiisee waa’ee durbee Maaramii ni barsiisa. Jaalala guddaa
Giiftii keenyaaf waburraa kan ka’e kabaja ishee kan ibsaniifi galatasheen kan guutaman barrulee
barreesseera. Kanneen kessaaa Kitaabni Argaanoniifi kitaabni Sa’atii caqasamoodha.
Abbaa Giyorgis Giiftii keenya kna ittin galateeffate kitaaba Argaanon irratti akkan jedhe.
“Sa’atii tokkoof ille cufni durbummaashee kan hin banamne, bara baraaf cufamtee kan jiraattu
Hizki’eel kan ishee arge balballi bahaa, Goftaa goftotaan ala ishee keessa kan lixe hin jiru. Yeroo
seenus yeroo bahuus hin banamne. Firii qulqullummaa kan godhattuu fi abaaboo kan godhattu
gannata dubbattu ishee dhaabuufi bishaan obaasuuf kan dadhabe hin jiru. Bultoo Waaqayyoo
galma qulqulleetti sirritti kan qophoofte, mana qulqulluummaa cubbuu kan hin qabnee fi mana
cidhaa Afuura Qulqulluu, Isseyi jalaa kan argamte muka wayinii, jirma Daawit iraa ulee biqilte,
Isheerraas Abaaboon kan abaabe kunis urgoo qulqullootaa kan ta’e Iyyesuus kiristooosidha. …”
“Kan ijaan hin argamne Ergamootaa fi qilleensa caalaa Afuura kan ta’eefi kan hin argamne,
Amalumaa isaatin dhokataa kan ta’e Jecha Qaama qabu (አካላዊ ቃል) karaa ishee kan mul’ate
golga gammmachuu bal’aa qulqulleetti dha. Foon ishee golga otoo godhachuu baatee hin
mul’atu ture. Isheerraa baftaa lakkuu namumma otoo hinuffanne ta’ee hin mul’atu ture.
Fayyina Addaamiif fi ijooleessaaf qoricha jireenyaa fi aarsaa kan baatte qodaa aarsaaisheedha.
Giiftii koo Maariyaam ibiddi baa’yee bobeessan caalaa ho’I jaalala kee galma qaama koo ni
ho’isa.”

Argaanon kan Roobii /አርጋኖን ዘረቡዕ/


Gudunfaa
Armaan olitti kan darbinee darbinee caqasne barumsi abbootaa barrulee isaanii hedduu kessaa
agarsiisaaf jecha isa xiqqoo qofaadha. Barumsa mana kiristaanaa sirritti hubachuuf garuu
kitaabolee isaanii yeroo fudhatanii bal’inaan qo’chuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee
barumsa abbootaa dhaabbataa kan ta’e sirna mana kiristaanaa fi dogma (barumsa amantaa)
bu’uureffatee namni hin qo’anne barumsa ishee sirritti hubachuun isa rakkisa. Namni akkanaa
barumsa amantaas barsiisuuf dandeetti qaba jechuufis nama rakkisa.

You might also like