You are on page 1of 158

Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa

Fayyinaa

Galata

Rakkina Bara kana keessa Waldaa Kiristiyaanaa qunnamaan bay’ee keessaa inni guddaan
Bu’uura amantii kiristiyaanaa isa ta’e Barsiisa kitaba qulqulluu akka ta’uutti kennamuu
dadhabuu isaati. Sababa kanaaf Waldaan Kiristiyaanaa barsiisa amantii kiristiyaanaa kitaaba
qulqulluu irratti hundaa’ee miseensota ishee barsiisuu qabdi. Waldaan Kiristiyaanaa miseensota
ishee barsiisuuf immoo brsiisi kiristiyaanaa kitaaba qulqulluu irratti hundaa’ee sirritti qophaa’ee
barreeffaman dhi’aachuu qaba. Sababa kanaaf tajaajila qophii barnootaan qophaa’ee akka
dhi’aatuuf kakaasuun kan jalqabsiisee xumursiise Waaqayyoof galtnii fi ulfinni hata’u.
Ittifufuun kitaabni barsiisaa kun akka qophaa’uuf kallattii garaagaraan namoota gumaacha
godhan hundumaa maqaa isaanii yoo ibsuudhaabaadhe iyyuu, kitaaba kana qopheessuudhaan,
jalqaba isaa ilaalanii sirresuun, yaada kennuun, komputeraan barreessuun, dezayina gochuun,
fuula jalqabaa isaa hojjechuun, kitaabota garaagaraa naaf ergisuun, kadhaataa fi gorsaan kan
nadegertan, maxansaa fi wantoota barbaachisan hundumaaf maallaqa keessaaniin kan nabira
dhaabbatan hunduma Waaqayyo baayisee isin haeebbisu jenna.
Kitaabni kun yammuu qophaa’u yeroo isaanii aarsaa gochuun kan hojjetan, akkasumas immoo
kitabolee isaanii gutummaan guututti akkan ittifayyadamuuf kan naaf ayyaman( Barsiisaa
Giddajuu Goobanaa, Paster Abenet Ibaabbuu, Ergamaa Daniel Makonin, Paster Hiyeyis
Taddasee, Barsiisaa Yoonaas Asfawuu, Inndashaw Negash,Tsegayee Ababee fi Paster Kaasahun
Agebo) galateeffachuu nanbarbaada. Kun akka jirutti ta’ee, kitaabicha irratti dogoggorri yoo
argame, kan itti gaafatamuu kutaa qopheessaa barnootaa warra ta’aniidha malee namoota kana
miti, sababi isaa bareefamni isaanii guutumaan guututti kan keessa gale utuu hinta’iin, jechoonnii
fi himootni tokko tokko kan jijjiramantu jiru.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Yaadannoo
Kitaabni barsiisa tajaajilaaf qopheessuu kun Waldoota Kiristiyaanaa garaagaraaf, Waldoota
Ministriif namootni dhuunfaa akka itti fayyadamaniif yaadamee kan qophaa’ee dha malee
Kitaaba gurgurtaaf gabaa irraa oolu miti. Sababii kanaaf kitaabota garaagaraa fi midiyaalee
hawwaasummaa garaagaraa irraa barreefamoota fudhanne yaadannoo qaboo miljalee(footnote)
irratti kan ibsine utuu hinta’in kitabota wabii (Bibliography) irratti akka ibsame kabaja guddaan
beeksifna. Kitaba kana irratti barnootni caqafaman kitaabota adda addaa irraa kan fudhataman
waan ta’eef, akkuma olitti ibsame yaadannoo miljalee(footnote) irratti waan hinibsamneef,
kitaaba kana yookaan kutaa macaafa kana keessaa fuudhanii baayisuu, galagachuun, foyesuuni fi
kitaaba kan biraa keessatti bal’isanii ittifayadamuun hinayamamu. Hata’u iyyuu malee namni
kam iyyuu, dhuunfaan ykn gareedhaan ykn Waldaan Kiristiyaanaa kitaaba kana irraa caqafachuu
yoobarbaadan maqaa kitaabichaa, maqaa nama kitaabicha barreessee fi bara kitabichi itti
bareeffame kitaba barsiisaa kana irra utuu hinta’in kitaaba isa jalqabaa sana irraa caqafachuun
dirqama. Kitaabni barsiisa tajaajilaaf qopheessu kun Waldoota Kiristiyaanaa garaagaraaf,
Waldoota Ministrii fi namootni dhuunfaa akka itti fayyadamaniif yaadamee kan qophaa’ee dha
malee Kitaaba gurgurtaaf gabaa irraa oolu kan hintaane ta’uu isaa irradeebinee ibsuun, namni
kamni iyyuu waldaan kiristiyaanaa, namnidhuunfaa, garree fi warri ministriii geggeessan akka
kiataaba qorraannaatti, barsiisaa fi ykn akeeka kana fakkaataniif guutummaan guutuutti ykn
gartokkeen ittifayadamuu nidanda’u. Namootni biyya keessa jirtanii fi biyya alaa jiraatan kitaaba
kana soofti kopi isaa ykn kitaba isaan brbaadan teessookeenyaan yoo nuuf ergitan kafaltii malee
isiniif erguu akka dandeenyu kabaaja guddaan isin hubachiifna.
Teessoonkeenya
Wangeel Birihan Aleem Aqaf Betakristiyaan
L.S.P. 12292 Addis Ababa
Lakk.Bilbila-(011)8693233. Mobayila:-0911364451
Email:- shalomsel@gmail.com
Website:- www.gosplelightintchurch.com

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Akeeka Macaafni Kun Qophaa’eef

Amantii warra wangeelaa maneetii amantaa warra biro irraa kan add isa godhu, kan nuti
amanannu barsiifni Macaafa qulqulluu hundee amantii keenyaa ta’uu isaatin.
Amantiin waangeelaabarakeenya kana keessa jiru amantoota hammatee jiruuf qofa utuu hinta’in
warra bakkee jiraniif iyyuu rakkinni baay’een akka keessa jiru ifaadha. Rakkina keenya baay’ee
isaaf bu’uura ta’ee kan nuti argine giddugaleessummaa aboo cafaanni qulqulla’oon qaban
cabsaanii argamuuf barsiisa dogoggoraa fi jal’isanii barsiisuu akka ta’ee hundumakeenyaaf
hubatamaadha. Jireenyi kiristiyaanummaakeenya barsiisa nuti sirrii dha jennee itti amaneen
geggeefama. Carraan barabaraa amanaa tokkoo kaninni ittin murtaa’uu yookaan amanaa dhugaa
ta’uu fi dhiisuun kan ittin beekamu barsiisa kitaba qulqulluu irratti amatiin inni qabuun malee
miseensa waldaakiristiyaanaa ta’ee deddeebi’uu isaatin miti. Barsiisa hundee amantii isaa
dhugaan yoo ta’e malee jireenya kiristiyaanummaa bu’a qabeessa jiraachuun hindanda’amu.
Barsiifni Macaafa qulqulluu inni sirriin gara dogoggoraa fi badiisaatti akka nuti hindemneef
nugargaaree gara jireenya siriitti nugeessa. Akkuma kana immoo barsiisi dogoggoraa garaa karaa
sirrii hintaanetti nugeessuudhaan dhugaa irraa akka fagaannu nu gochuun wangeela isa kan biraa,
Yesuus isa kan biraa, Hafuura isa kan bira akka nuti fudhannu nu godha. (2Qor.11:4, Gal.1:6).
Basiisi keenya yoo bade jireenyi kiristiyaanummaa keenyaas akka badu beekamaadha. Barsiifni
yoo walmake, barsiifni orma ta’ee yoo itti dabalame qooda jireenya keenya ijaaramu akka
diigamu godha. Jireenya amntii kiristiyaanaa qajeelaa qabaachuu kan dandeenyu yoo barsiisa
kitaaba qulqulluu sirrii ta’ee qabaanneedha. Sababii kanaaf qophiin degersa barnootaa kun
akkanni qophaa’u kan ta’eef. Namni tokko amanaa ta’uun koo qofti ga’aadha, barsiifni amantii
kiristiyaannaa isa kam akka ta’ee beekuun barbaachisaa miti jechuu hindanda’u. Barsiifni
hundeen amantii kiristiyaanaa utubaa amantii fi jireenyi irraa jabaatanii dhaabataniidha. Barsiisi
yoo jijjirame, namni tokko jireenya ammaas ta’e isa dhufu keessatti carraa jireenya isaa
murteessa.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Barumsa 1:- Barumsa Macaafa Qulqulluu


Boqonnaa 1:- Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo Ti

Macaafni Quqlulluun Sagalee Hafuura Waaqayyoo ti (inspired word of God). Geggeessaa


Hafuura Waaqayyootiin barreeffmane (2Xim. 3:16).

1.1. Mul’ata (Revilation)


Mul’ata jechuun karaa ykn beekumsa Waaqayyo ittiin waa’ee eenyummaa isaatii, hojii isaa,
akeeka isaa fi ofii isaa dhala mataatti mul’ise jechuu dha. Mul’ati iddoo gurguddaa lamatti
hirama.
1.1.1. Mul’ata Walii Galaa (General Revilation)

Waaqayyo ofii isaa karaa garaa garaa dhala namaatti mul’iseera. Fkn Uumamaan (Far. 19:1-4Ho.
Er. 14:17). Yaada namaatti dubbachuudhaan mul’ateera (Rom. 2:12-15). Adeemsa Seenaatiin of
mul’iseera (Dan. 2:21, Ho.Er. 17:24-28). Mul’ata walii galaa kanaan waa’ee Waaqayyoof seera
isa sirriitti hubachuu hin dandeenyu. Kanaaf mul’ata caalu barbaachise, innis mul’ata addaa
jedhama.

1.1.2. Mul’ata Addaa (Special Revelation)

Karaa Waaqayyo ofii isaa ittiin mul’ise keessaa inni guddaan karaa sagalee jiraata isa ta’e karaa
Yesuus Kiristoosii ti (Yoh. 1:18, 14:6-9, Ibr. 1:1-3). Karaa gara biraa immoo Waaqayyo karaa
sagalee isaa isa caafamee jiruu karaa Macaafa Qulqulluu ofii isaa mul’iseera (1Sam. 3:21, Nah.
8:8).

1.2. Maalummaa Macaafa Qulqulluu

Macaafa Qulqulluu jechuun Waaqayyoof kan adda ba’e ykn Macaafa Waaqayyoo jechuu
dha.Macaafni Quqlulluun gdogoggorri kan keessatti hin argamne, kan hin gedderamnee fi kan
hin haqamne sagalee dhugaa fi jiraataa dha. Akeeka baraa baraa isa Waaqayyo dhala manaatiif
qabu, yaada isaa fi akeeka fayyinaa inni dhala manaatiif qabu karaa ifaa fi dhugaa ta’een kan
dubatuu dha.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

1.3. Akkaataa Caafamuu Macaafa Qulqulluu

Macaafni QulqulluunSagalee hafuura Waaqayyoo ti (2Sam. 23:2, 2Xim. 3:16, 2Phexi. 1:21).
Kan isa caafan immoo namoota yeroo garaa garaatti, iddoo garaa garaa, haala jireenyaa garaa
garaa keessa, sadarkaa garaa garaa fi itti gaafatama garaa garaa akkasumas aadaa garaa garaa
keessa turan baayyinni isaanii nama Afurtama ta’anii dha.

Fkn

 Musee (Eegduu) Seera Uumamaa tii hanga Keessa Deebiitti barreesse (Se. Ba. 24:4)
 Daani’eel (Ministeera) Raajii Daani’eel barreesse (Dan. 7:1)
 Mooticha Solomoon (Mootii) Macaafa Fakkeenyaa, Mafaafa Lallabaa, fi Weedduu
Weedduu Caalu Barreesse (Fak. 1:1, Lal. 1:1)
 Isaayas (Raajii) Raajii Isaayaas barreesse (Isa. 1:1)
 Amoos (Tiksee Loonii) Raajii Amoosiin barreesse (Amo. 1:1)
 Maatewoos (Qaraxa Fuudhaa) Wangeela Maatewoos barreesse (Mat. 9:9)
 Luqaas (oogeessa Fayyaa) Wangeela Luqaasii fi Hojii Ergamootaa barreese (Luq. 1:1,
Ho.Er. 1:1, Qol. 4:14)
 Pheexiroos (Qurxummii Qabduu) Ergawwan Pheexiroos barreesse (Mar. 1:16-17, 1Phex.
1:1)
 Phaawuloos (Oogeessa) Ergawwan 13 barreesse(Ho.Er. 22:3, Rom.1:1)

Namootni kun bara garaa garaa keessatti, iddoo garaa garaa sadarkaa garaa garaa fi hojii garaa
garaa irra yoo turan iyyuu Hafuurri Qulqulluun yeroo isaan Macaafa Quqlqulluu caafan in
geggeessa waan tureef akeekni ergaa isaan caafanii hundi isaa tokko ture.

1.4. Yero, Iddoo fi Afaan Macaafni Qulqulluun Ittiin Caafame

Macaafonni Kakuu Moofaa dhaloota Kiristoos dura bara 1400 hanga 400 yeroo ta’an keessatti
caafame. Macaafonni Kakuu Haaraa immoo dhaloota Kiristoos booda bara 45 hanga 96
barreeffame. Seera Uumamaa tii hanga Mul’ata Yohaannisitti kan jiru guutummaa Macaafa
Qulqulluu barreessanii fixuudhaaf waggaa 1500 akka fudhatetti tilmaamama. Macaafni
Qulqulluun yeroo jalqabaaf Afaanota Sadi’iin barreeffame. Kakuu Moofaan kan inni

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

barreeffame Afaan Ibirootaatiin yammuu ta’u garri tokko immoo Afaan Aramaayikiitiin
barreeffame. Kakuu Haaraan immoo Afaan Girikiitiin barreeffame. Bakki Macaafni Quqlqulluun
itti barreeffames biyya Awuroopaa, Isiyaa fi Afirikaa ture.

1.5. Karawwan Macaafni Qulqulluun Ittiin Barreeffame

Qulqullootni Waaqayyoo kun Macaafa Quqlulluu karaa garaa garaa fudhataniiru. Fkn;

1.5.1. Ergaa (sagalee) barreeffame Fudhataniiru (Ba’uu 17:14, Ke.De. 4:13, Isa. 8:1, 30:8, Erm.
30:2, Mul. 1:19)
1.5.2. Isa Waaqayyo Sagalee isaatiin itti dubbatu dhaga’anii barreessaniiru (Isq. 2:1-2, Mul.
1:9-11)
1.5.3. Waan abjuudhaa fi mul’ataan argan caafaniiru (Isa. 6:1, Isq. 1:1, Dan. 7:1-2, Ho.Er. 10:9-
23)
1.5.4. Fakkeenya fudhachuudhaan barreessaniiru (2Sam. 12:1-7, Far. 22:14-18, Lal. 12:9-10)
1.5.5. Xalayaadhaan barreessaniiru (Erm. 29:1-3, Fil. 1:1-3, Qol. 1:1-2, 4:16-18)
1.5.6. Waan arganii fi waan dhagaan sirritti adda baafatanii bifa seenaadhaan caafaniiru (Erm.
36:4-6, Luq. 1:1-4, Yoh. 20:30-31, Rom. 10:22)
1.5.7. Macaafota duraan caafaman caqasuudhaan itti gargaaramanii caafaniiru (Iya. 10:13,
2Sam. 1:18, 1Sen. 29:29)
1.6. Burqaa Walitti Dhufeenya Macaafa Qulqulluu

Baroota keessatti Waaqayyoo fedha isaa fi yaada isaa karaawwan itti aanana mul’iseera.

1.6.1. Mul’ata (Revelation) Eenyummaan Waaqayyoo inni beekamuu hin dandeenye innumti
ofii isaan karaa barbaade irra dhala namaatti mul’iseera. Kun immoo dhoksaa mul’ataa
jedhama. Kan inni nmatti mul’ise immoo ergaa isaa duwwaa utuu hin ta’in qabiyyee isaas
dabalatee ti.
1.6.2. Geggeessaa Hafuura (Inspiration):- Waan Hafuurri Qulqulluun Afaan namootaa,
qubee isaanii fi aadaa isaaniitti gargaaramee bifa barreeffamaan Macaafa Qulqulluu ta’ee akka
ba’u godhe mul’ata Hafuuraan geggeeffamuu jedhama. Macaafni Qulqulluunis macaafa
Hafuura Waaqayyoo qabu waan ta’eef geggeessaa Hafuuraatiin barreeffamee jedhama.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Macaafni Qulqulluun caafata yaada namaa keessaa kan burqee utuu hin ta’in, macaafa
geggeessaa Hafuuraan barreeffamee dha (2Xim. 3:16, 2Phex. 1:21)
1.6.3. Gargaarsa Hafuuraa (Illumination):- Macaafaa Qulqulluu hubachuu fi amanuun
gargaarsa Hafuura Qulqulluu barbaachisa. Kunis gargaarsa Hafuuraa jedhama (1Qor. 2:12-14,
Efe. 1:17-19)
Boqonnaa 2:- Amaloota Macaafa Qulqulluu
Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaayyoo waan ta’eef amala ofii isaatii qaba. Amaloota inni
qabu keessaa murasa isaanii ilaalla.
2.1. Sagalee Haboo Qabu (Authority)
Macaafni Qulqulluun haboo uumuu, haboo ajajuu, fi murteessuu; akkasumas haboo hojjechuu,
haboo raawwachuu kan qabu Macaafa humna guddaa qabuu dha. Kanaaf Macaafni
Qulqulluun:-
Abiddaa fi Burruusa (Erm. 29:23). Hafuura (Yoh. 6:63), Billaa dha (Ibr. 4:12), Aannan (1Phex.
2:2-3), Sanyii dha (1Phex. 1:23), Ofi Ilaallee dha(Yaq. 1:23-25), Ibsaa dha (Far. 119:105),
Nyaata (Ibr. 5:13:14), Bishaan (Yoh. 3:5,Isq. 36:25), Damma (Far. 19:8-10), Qofoo Sibilaa
ti(Ibr. 6:18-19), Warqee ykn Hinquu dha (Far. 19:7-10).
2.1.1. Haboonii fi Ol-Aantummaa Macaafa Qulqulluu Hanga Eessaa ti?
2.1.1.1. Yaada namaa irratti ol-aantummaa qabu (Isa. 55:8-9).
2.1.1.2. Amala, aadaa fi shaakkalii namaa hundumaa irratti ol aantummaa qaba (Mat. 15:1-3)
2.1.1.3. Sirna Waldaa Kiristiyaanaa hundumaa irratti ol-aantummaa qaba (Luq. 13:10-16)
2.1.1.4. Tajaajiltoota hundumaa irratti ol-aantummaa qaba (Gal. 1:8, 2:11-14)
2.1.1.5. Ergawwaan irratti, lallaba hundumaa irratt, barsiisa hundumaa fi rajii hundumaa irratti
ol-aantummaa qaba (Ke.De. 13:1-4, 1Phex. 4:11)
2.1.1.6. muuxannoo fi shaakala hundumaa irratti ol-aantummaa qaba (2Phex. 1:17-19).
2.2. Sagalee Dogoggora Hin Qabnee dha (Inerrancy)
Sagaleen Macaafa Qulqulluu hundi dhag qabeessa (dogoggorri kan keessa hin jirre) fi dhugaan
hundinuu kan ittiin mirkanaa’uu dha (Far. 12:6, 19:7, Fak. 30:5, Yoh. 17:17).
2.3. Sagalee Iftoomina Qabuu dha (Clarity/Prespicuity)
Macaafni Qulqulluun akkaataa amantootni hundinuu dubbisuu fi hubachuu danda’anitti
barreeffame (Ke.De. 6:6-7, Far. 19:7, 119:130, Qol. 4:15-16, 2Xim.3:16-17)

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

2.4. Macaafa Qofaa Isaa Waa’ee Waaqayyoo Ibsuu Danda’uu dha (Sufficiency)
Macaafni Qulqulluun macaafa namoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuu danda’uu fi gara
jireenya baraa baraatti geessuu danda’u, akkasumas worri Yesuus Kiristoositti amananii
fayyan waa’ee eenyummaa Waaqayyoo, amala isaa fi fedha isaa akka baraniif gochuu danda’uu
dha (Far. 19:7-14, Yoh. 20:31, 2Xim. 3:15, 2Phex. 1:3).
Boqonnaa 3:- Macaafota Macaafa Qulqulluu Keessatti Argamanii fi Toora Isaanii
Macaafni qulqulluun macaafota 66 kan of keessatti qabate yammuu ta’u macaafa kakuu Moofaa
fi Macaafa Kakuu haaraa jedhamuudhaan beekama.
3.1. Macaafota Kakuu Moofaa
Macaafonni Kakuu Moofaa baayyinni isaanii 39 yammuu ta’an bakka 4 tti qoodamu. Isaanis;
3.1.1. Macaafota Seeraa: - Macaafa Seera Uumamaatii hanga Seera Keessa Deebiitti jiran
yammuu ta’an baayyinni isaanii 5
3.1.2. Mcaafota Seenaa: - Macaafa Iyyaasuutii hanga Macaafa Asteeritti jiran yammuu ta’an
baayyinni isaanii 12
3.1.3. Macaafota Walaloo: - Macaafa Iyyoobii hanga Macaafa Weedduu Weedduu Caaluutti
jiran yammuu ta.an baayyinni isaanii 5
3.1.4. Macaafota Raajii: - Macaafa Isaayaas Raajichaatii hanga Raajii Milkiyaasitti jiran
yammuu ta’an baayyinni isaanii 17. ( Isaayaas, Ermiyaas, Isqeel, Daani’eelii fi Faaruun raajota
gurguddoo yammuu jedhaman, raajii Hose’ii kaasee hanga raajii Milkiyaasitti kan ijran immoo
raajota xixiqqoo jedhamu).
3.2. Macaafota Kakuu Haaraa
Macaafonni kakuu Haaraa macaafota 27 yammuu ta’an bakka Afuritti hiramu. Isaanis;
3.2.1. Wangeelota: - Wangeela Maatiyoosii hanga Wangeela Yohaanisitti kan jiran yammuu
ta’an baayyinni isaanis 4
3.2.2. Macaafa Seenaa: - Macaafa Hojii Ergamootaa qofaa dha
3.2.3. Ergaawwan Garaa garaa: - Ergaa gara worra Roomee tii haga Ergaa Yihudaatti kan
jiran yammuu ta’an baayyinni isaaniis 21
3.2.3. Macaafa Raajii ykn Mul’ataa:- Mul’ata Yohaannis qofaa dha.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Boqonnaa 4:- Safartuu Macaafa Qulqulluu (Canon)


Waldaa Kiristiyaanaa karaa isheen ittiin macaafota hubattee qulqulleessitee adda baasuudhaan
tora galchitee kaawwatte safartuu ykn kanoon jedhama. Akkuma kanaan ilaaltee
madaaluudhaan Kukuu Moofaa Keessatti macafoota 39, Kakuu Haaraa Keessatti immoo
macaafota 27 walumatti qabaatti macafota 66 Macaafa Qulqulluu jedhamanii fudhatamaniiru.
4.1. Safartuu ykn Kanoon Maali?
Kaanon kan jedhamu kan dhufe afaan Worra Girikii irraa yammuu ta’u hiiki isaa safartuu ykn
madaaltuu jedhama. Gara Macaafa Qulqulluu yammuu dhufu kaanoonii madaallii ittiin
Macaafonni barreeffamana ilaalamanii madaalamanii sagalee Waaqayyoo ta’uu isaaniitiin
Macaafa Qulqulluu ta’uudhaan fudhataman jechuu dha.
4.2. Madaallii Kakuu Moofaa

4.2.1. Gooftaan Yesuus macaafota Kakuu Moofaa (M.Seeraa, M. Raajotaa, fi M.Faarfannaa)


Macaafaa Qulqulluu akka isaan ta’an mirkaneesseera. Tajaajila isaa keessattis Kakuu Moofa
yeroo dubbisuu Macaafota 39 qofaa keessaa dubbise (Mat. 5:17, 21:42, Luq. 11:50-51, 24:44,
Yoh. 5:39).

4.2.2. Ergamootnis akkuma Yesuus Kiristoos ergaa isaanii keessatti macaafota 39 ala hin
gargaaramne. (Ho.Er. 7:1-50, Rom. 3:10-18, 2Phex. 3:1-2, Ibr. 11:4-32).

4.2.3. Ergamoota boodas Macaafonni kun fudhatamni isaanii akkuma itti fufetti jira. Abootni
amantii worri duraa yaa’ii garaa garaa irratti macaafota Kukuu Moofaa 39 geggeessaa Hafuura
Waaqayyoon akka isaan barreeffaman ilaalanii Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaanii mirkaneessanii
fudhataniiru.

4.3. Safartuu Kakuu Haaraa

4.3.1. Macaafonni kakuu haaraa 27 ergamootaan ykn namoota isaanitti dhiyoo turaniin akka
isaan barreeffaman macaafonnumti sun iyyuu ofii isaaniin in dubbatu. (Luq. 1:1-4, Gal. 6:11,
Tiit. 1:1, 2Phex. 3:15-16).

4.3.2. Macaafonni kun Waldoota Kiristiyaanaa worra duraan turaniin fudhatama argataniiru. Itti
dabaleesxalayoonni kakuu Haaraa yeroo sana Waldoota Kiristiyaanaa keessatti in dubbifamu
turan. (Qol. 4:16, 1Tas. 5:27).

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

4.3.3. Macaafonni Kakuu Haaraa Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaaniiitiif barressitootni Kakuu
Haaraa Yeroo sana turan mirkaneessaniiru. (Gal. 1:11, 1Tas. 2:13, Ibr. 2:3-4).

4.3.4. Humni Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessa jiraatee jireenya namaa gedderu
macaafonni sun sirrii ta’uu isaanii mirkaneessa.(Isa. 55:11, Ho.Er. 6:7, Rom. 1:16, 1Phex. 1:23)

Boqonnaa 5:- Macaafota Madaallii Hin Guutne (Apocripha Books), (Awalid)

Macaafonni macaafota 66 ykn macaafota Kakuu Moofaa 39 fi macaafota Kakuu Haara 27 ala
jiranii fi Waldoota Kiristiyaanotaan fudhatama hin argatin macaafota madaallii hin guutne
jedhamu.

5.1. Akkaataa Barreeffama Macaafota Madaallii Hin Guutnee

Waldaan Ortodoxii Itoophiyaa macaafota 84 mirkaneessitee fudhatteetti. Akka amaleeffannaa


isaaniitti “Samaaniyaa Ahaadu” jedhama. Waldaan Kaatolikii Itoophiyaa immoo macaafota 66
tti torba dabaltee macaafota 73 fudhattee mirkaneessiteetti.

5.1.1. Macaafota Hin Mirkanaa’in

1. Macaafa Iziraa Suutaa’el 10. Kadhannaa Minaasee

2. Macaafa Iziraa Isa lammaffaa 11. Dabalata Ermiyaas

3. Macaafa Xoobiyaa 12. Soosiinaa

4. Macaafa Yoodit 13. Macaafa Baarok

5. Macaafa Asteer 14. Macaafa Oogummaa

6. Macaafa Makaabiyaan Isa duraa 15. Faarsaa Daqiiqaa Soddomaa

7. Macaafa Makaabiyaan Isa Lammaffaa 16. Dabalata Daani’eel

` 8. Macaafa Makaabiyaan Isa Sadaffaa 17. Macaafa Kufaalee

9. Macaafa Siiraak 18. Macaafa Heenook

10

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

5.2. Macaafonni Kun Madaallii Sagalee Waaqayyootiin Yammuu Ilaalaman

Macaafota kana sagalee Waaqayootiin yeroo madaallu karaawwan baayyee kutaalee Macaafa
Qulqulluu akka isaan hin ta’in mirkaneessina. Kanatti fufnee yaadolee bu’uuraa muraasa ilaalla.

5.2.1. Bara Dukkanaa (Bara Waaqayyo Namatti Hin Dubbanne) Keessa Waan
Caafamaniif

Macaafonni madaallii hin guutne kan isaan caafaman seenaa Isiraa’e keessatti bara dukkanaa
(bara Waaqayyo namatti hin dubbanne keessa. Yeroon kunis dhuma bara kakuu moofaa erga
macaafni raajicha milkiyaas caafamee kaase bara jiru bara 400 keessatti yammuu ta’u, yeroon
kun bara Waaqayyo itti caluma jedhe ergaan tokkos bara itti Waaqayyoo biraa hin dhufne
jedhamee amanama.

5.2.2. Barumsota Macaafa qulqulluu Wajjin Walii Hin Galle waan of Keessatti Qabataniif

Luqqisiin macaafota hin mirkanoofnee sarara asiin gadii keessatti argaman hiika bara 1989
W.A.tti hiikaman keessaa kan fudhatamanii dha.

Macaafota Hin Mirkanoofne Macaafa Qulqulluu

 Hojiidhaan fayyuun ykn qajeelaa ta’uun akka  Fayyuun ykn qajeelummaan kan
argamu argamu amantii qofaatiin
 (Rom. 3:23-24, 11:5-6, Efe. 2:8-9,
Buusii buusuun tolaa nama gooti (Xob.4:10, 12:9, Gal. 2:4-5, Tiit. 3:5-7, 2Xim. 1:9)
14:11). Buusiin Dhiifama cubbuu argamsiifti *Sir. 3:28,
29:12, 40:17). Ilmi Abbaa isaaf ulfina kennu cubbuun
isaa in dhiifamaaf (Sir. 3:3).

 Du’a booda carraan fayyinaa jiraa  Du’a booda carraan kan biraan hin
 Namni erga inni du’ee booda maqaa isaatiin jiru
aarsaa yoo godhame carraa fayyuu argata  Du’a foonii booda lubbuun
 Nama du’eef aarsaa dhiyeessuu hin dhiisin amantootaa gara Gannataatti yeroo
deemtu lubbuun worra hin

11

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

(Siiraak. 7:33) amaniinii garuu gara Si’oolitti


deemti. (Luq. 16:24-26, 23:43, Fil.
1:23). Namootaaf yeroo tokko
du’uu itti aansee immoo murtoo
fudhachuun ramadameeraaf (Ibr.
9:9

 Waaqayyo kadhata worra du’anii in dhaga’aa.  Waaqayyo kadhata worra du’anii


“Yaa uumaa Isiraa’el kadhata worra Isiraa’el hin dha’u
keessaa du’anii dhagai (Bar. 3:4)  “Worri du’an waan tokko iyyuu hin
beekan” (Lal. 9:5, Yoh. 14:14,
16:23)

 Tiruu fi Honnee qurxummiitiin seexana baasuun  Maqaa Yesuusiin seexanni ba’u.


in danda’ama. Yesuus qabeenyi guddaa inni
 Ergamaan seexanaa ykn hafuurri seexanaa isa Waldaa Kiristiyaanaaf kenne maqaa
hin argamneen namni qabame dhiiras ta’u isaa ti. Kanaaf fayyinaafis ta’e
dubartii fuula isaanii duratti tiruu fi honnee seexana baasuudhaaf kan nuti itti
qurxummii yoo aarsan dhukkuba isaaniitti fayyu gargaaramuu qabnu maqaa isaa
(Xoobiit 6:6-8) qofaa dha. (Mar. 16:17, Luq. 10:17,
Ho.Er. 16:18, Qol. 3:17)

 Waa’ee Hafuura Qulqulluuf barumsa  Waa’ee hafuura Qulqulluu barumsa


dogoggoraa sirrii. “Hafuurri Qulqulluun:-
 Hafuurri Qulqulluun Mikaa’eliin aarse Hafuura Gammachuu fi qabanaa ti.
“Mikaa’el beekumsa Hafuura Qulqulluu gara (Luq. 10:21, Gal. 5:22). Hafuura
gaddaatti nageessa, na aarsas jedhee Ergamaa dhugaa ti. (Yoh. 14:16-17).
Rufaa’eeliif deebise (Heno. 19:1-2) Jajjabeessa dha. (Yoh. 14:16).
Hafuura qulqullootaa ti. (Rom. 1:4).
Hafuura jireenyaa ti. (Rom. 8:2)

12

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Waa’ee Ergamootaa barumsa dogoggoraa  Waa’ee ergamotaaf barumsa sirrii


 Ergamootni saba worra kaan balleessuuf ba’an::  Haboon ergamootaaf kenname akka
“ergamootaafis haboo guddaan utuu saba balleessaniif utuu hin ta’in
kennamuufitti, isaanis saba worra beekumsaan Wangeelaan mootummaa
duwwaa ta’an baleessuuf ba’an (Hen. 33:58-59) Waaqayyootti isaan deebisuuf
(Mat. 28:16-20, Ho.Er. 1:8, Rom.
1:5).

 Waa’ee uumamaaf barumsa dogoggorra  Waa’ee Uumamaa barumsa sirrii


 Waa’ee Addunyaa fi uumama Addaam seenaa  Laftii fi waan ishee irratti argamu
Seera Uumamaa irraa adda ba’e dubbatu. sagalee Waaqayyootiin uumaman,
“Addaam foon badu uffatee sirraa akka akkasumas namni bifa
argamuuf situ ofii keetiin haboo kenneef mitii? Waaqayyootiin uumame (Se.Um.
(Izira Sut. 1:4) 1:11, 24, Ibr. 11:3)

 Waa’ee Horii barumsa sirrii hin taane  Waa’ee horii barumsa sirrii
 Horiin na ga’a jechuu dhiisuu,. Horii  Horii jaallachuun burqaa
akkasumaan hin balleessin, na ga’as hin jedhin hammeenya hundumaa ti (Mat.
(Sir. 5:1 6:24, 1Xim. 6:10)

 Waa’ee cubbuu barumsa dogoggoraa  Waa’ee cubbuu barumsa sirrii


 Sobduu irra hattuu woyya, soba dubbachuu irra  Akka sagalee Waaqayyootti soba
hatuu woyya (Sir. 20:25-26) dubbachuunis hatuunis cubbuu dha.
(Fak. 6:16-19, Efe. 4:28, Yaq. 2:8)

 Waa’ee Gaa’elaa barumsa dogoggoraa  Waa’ee Gaa’elaa barumsa sirrii


 Haadha manaa hiikuun akka danda’amu, carraan  Macaafni Qulqulluun yammuu
ishee siif miti yoo ta’e hiiki ofittiis adda ishee dubbatu Waaqayyo gaa’ela hiikuu
baasi (Sir. 25:25) jibba jedha. (Milk. 2:16)

5.2.3. Dogoggora seenaa, dogoggora baraa, fi ta’umsa lafaatu keessa jira.

13

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Macaafota Hin Mirkaneeffamin Macaafa Qulqulluu

Museen dhagaa gati jabeessa irraa taabota Museen dhgaa irraa taabota hojjete (Se. Ba.
hojjete 24:12, Ke. De. 4:13)

Yaa’iqoob Eesa’uu ajjeese (Kuf. 26:27) Yaaqob Eesa’uu hin ajjeefne *Se.Um. 35:36)

Nabuukadinaatsoor fi Saalminaasoor badiisa Saalminaasoor Nannawwee dura bara 726-622


Nanawwee dhaga’anii gammadan (Xob. 14:15 tti nama turee dha. Nabuukadinaatsoor immoo
Nanawwee dura bara 605-562 nama turee dha.
Gidduu isaanii bara 117 jira.

Nabuukadinaatsoor mootii Nanawwee ture Nabuukadinaatsoor mootii Baabiloonii ti malee


(Yod. 1:1) mootii Nanawwee miti (Dan. 1:1)

Worri booji’aman biyya boojuu dhaloota Worri booji’aman biyya boojuu kan turan
torbaaf (700) ture. (Dabalata Erm. 6:1) waggaa torbaata qofaa dha. (2Sen. 36:21, Erm.
29:10, Dan. 9:1-2)

Seexanni kan inni kufeef Addaamiif hin sagadu Seexanni kan kufeef sababa of tuulummaa
jedhee ti (3Makaabiyaa. 1:15) isaaf (Isa. 14:12-17, Isq. 28:2)

Mi’a mana qulqullummaa lafatu liqimse, qulfii Mi’I mana qulqullummaa gara Baabiloonitti
isaa immoo aduutu fudhate (Dab. Erm. 8:13, fudhataman (2Se. Ba. 36:18-19, Izi. 1:7-11)
19)

Ermiyaas gara Baabiloonitti geeffame (Dab. Ermiyaas gara Gibxiitti malee gara
Erm. 8:21) Baabiloonitti hin geeffamne (Erm. 40:1, 43:2-7

Daani’eel boollatti kan gatameef waan jawwee Daani’eel kan inni boollaatti darbatameef seera
ajjeeseef (Dab. Dan. 13:23-32) mootii didee waan kadhateefii dha. (dan. 6:11-
17)

14

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Qaayin abeeliin kan inni ajjeeseef dubartii Qaayin Abeeliin kan inni ajjeeseef aarsaan
irratti itti inaafee ti. (1Maka. 23:1-2) Abeel waan fudhatama argateefii dha ((Se.Um.
4:1-8)

Samaariyaan worra boojuutii deebi’aniin Samaariyaan kan isheen ijaaramte


ijaaramte. (Dab. Erm. 5:34) Omuriidhaan (1Mot. 16:24)

Daawit Mana qulqullummaa akka ijaaruuf Daawit mana qulqullummaa ijaaruuf yoo yaade
Waaqayyootu isa abboome (Izira. Sut. 1:22-23) iyyuu ilma isaa Solomoon malee Waaqayyo
inni akka hin ijaarre dhowwe. (2Sam. 7:5-6,
12-13)

5.2.4. Gooftaa Yesuusis Ergamootni Isaas Macaafota Kana Keessaa Eeranii Hin Barsiifne

Gooftaa Yesuusis Ergamootni isaas macaafa kana keessaa kallattiidhaan fudhatanii waan hin
barsiifnee fi humna raajotaas waan hin qabneef, waa’ee haboo Waaqayyoos waan hin
dubbanneef akkasumas waa’ee masihii isa dhufuu jiruus waan hin dubbanneef, itti dabalees
ergaa macaafota kana keessa sagaleen raajii waan hin jirreef yeroo dubbifamanis haboo hafuuraa
waan hin qabneef (waan nama hin gedderreef: sagalee Waaqayyoo akka isaan hin ta’in
mirkan’eera.

Dhuma irrattis Gal. 1:8 irratti “nu’is ta’e ykn ergamootni waaqa irra Wangeela isa nuti isintti
lallabnee adda yoo isinitti lallaban kan abaaraman haa ta’an” akka jedhamee caafamee jiru,
macaafonni worri hin mirkana’aani afan kun kan isaan lallaban macaafota worra 66 sanaa alaa fi
kan isaanii waliin mormuu dha. Itti dabalees Yoh. 20:31 irratti worri 66 kun Yesuus Kiristoos
ilma Waaqayyoo akka inni ta’e akka amanataniif amantanii ittiin jireenya akka argattaniif
caafaman waan jedhuuf worra kanaa alatti worri caafaman amannee jireenya akka argannuuf
utuu hin ta’in barumsa garaa garaa nuuf kennuudhaan karaa Waaqayyoo irraa nu doggorsuu
danda’u. kanaaf macaafota worra hin mirkanaa’in kana Waldaan Kiristiyaanaa bara keessatti
mormaa jiraachaa turte. Ammas ittiin mormiti.

Boqonnaa 6:- Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo Ta’uu Isaaniif ragoolee


Agarsiisan

15

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaaf ragoolee keessaa fi bakkeetu jira.

6.1. Ragoolee karaa Bakkee Jiran

Ragoolee karaa bakkee jiran keessaa worra itti aanan ilaalla

6.1.1. Argama Arki’ooloojii

Arki’ooloojiin waa’ee waantota bara duriitti turanii waa’ee magaalotaa, manootaa,


barreeffamootaa, awwaalotaa fi walumaa galatti waa’ee waantota durii , akkataa jireenya namaa
fi kkf oogummaa qoratee mul’isuu dha. Waggaa kuma lama fuula duraa kaasee namoota
baayyeetu waa’ee biyyoota macaafa qulqulluu keessatti caqafamanii qorachaa turan.
Hundeewwan manaa fi ijaarsa garaa garaa, seenaawwanii fi seerota dhagaadhaa fi foddaalee
garaa garaa irraa boocaman, suuraalee fi meeshawwan garaa garaa kumoota baayyeetu argamanii
jiru. Waantootni argaman kun dhaloota Kiristoos duraa kaasee waa’ee jireenya namoota macaafa
qulqulluu keessatti caqafamanii, waa’ee aadaa isaanii, mana isaanii, seeraa fi seenaa isaanii waan
baayyee dubbatu. Worri macaafa qulqulluu barreessanis hubannaadhaa fi eeggannaadhaan akka
isaan barreessan mul’isu. Barbaacha arki’oloojiitiin kan argaman chaappolee, galmeewwan,
saantimoota, awwaalotaa, xalayootni garaa garra yammuu ta’an, muraasonni isaanii akka itti
aanutti ibsamu. Magaalaan Asoor (Iya. 11:10) kan argame bara 1974, Magaalaa Ariid (Lak. 21:1,
33:40) bara 1974, Magaalaa Beetel (Amo. 7:12-13) bara 1934, Daan (Ab.Fir. 18:29) bara 1966,
Gaazaa (Ho.Er. 8:26) bara 1932, Asoor (Erm. 50:18) bara 1970, Iyyaarkoo (Lak. 22:1) bara
1985, Nanawwee (2Mot. 19:36, Yonaas 1:1-2) bara 1857, Seekem (Uma. 12:6, 33:18) bara 1932
magaalota argamnii dha. Worroota kana malees macaafni maramaan naannoo galaana du’aatti
kan argame bu’aa arki’oloojii garaa garaa yammuu ta’u walumatti qabaatti galmee maramaa
Galaana Du’aa biraa argame jedham. Galmeen maramaa kunis dhugummaa Macaafa Qulqulluu
kan mirkaneessuu dha. Kunis bara 1948 tti tiksee Arabaa tokkoon kan argame yammuu ta’u
macaafa Asteeri irraa kan afe guutummaa macaafa Kakuu Moofaatu keessa jira.

6.1.2. Argama Seenaa

16

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Argamaa Macaafa qulqulluu kanaa ala galmeewwan seenaa garaa garaatu argamnii jiru. Isaan
kunis seenaan macaafa qulqulluu dhugaa ta’uu isaa mirkaneessaiiru. Fakkeenyaaf;

 Mootichi Shiishaaq Yerusaalemiin weeraruun isaa (1Mot. 14:25-26) biyya Gibxii


keessatti kan argamu girgiddaa Mana Qulqullummaa Amuun irratti barreeffamee jira.
 Worri Mo’aab Isiraa’el irratti ka’uun isaanii (2Mot. 1:1) sirna barreeffama Meeshaa
irratti barreeffamee argameera.
 Biyyi Nanawwee akka isheen kuftu Naahomii fi Soofaniiyaatiin dubbatamuu isaanii
(Nah. 28:13) booca dhagaa Naabopalaazer irratti caafamee argamee jira.
 Kufaatii Baabiloonii fi Daariyoos Meedanaamichi mo’uu isaa (Dan. 5:30-31)barreeffama
durii irratti argameera.

6.1.3. umurii Dheeraa Qabaachuu Isaa fi qabiyyee Isaa

Biyya lafaa irra umurii dheeraa kan qaban macaafonni amantii fi worri kaanis yoo jiraatan iyyuu,
garuu macaafa qulqulluutti hin dorgoman. Qabiyyee isaas yoo ilaalle macaafota 66 of keessatti
kan qabate, waggoota 1500 keessatti ardii 3 (Awurooppaa, Eshiyaa, fi Afirikaa) , Afaan garaa
garaa 3 tiin (Ibiroota, Armaayikaa, fi Girikiitiin), namoota garaa garaa 40 (Mootota, raajota,
worra qurxummii qabaniin, tiksootaan, qaraxxootaan); akkasumas haala garaa garaa keessatti
(mana Mootummaa keessatti, daarii galaanaatti, dirree lolaatti) yoo barreeffame iyyuu ergaan
isaa kan wal fakkaatuu fi kan wal fudhatu ta’ee jireenya dhala namaa irratti gedderama
qabatamaa kan fidu Macaafa Qulqulluu dha.

6.1.4. Baroota Keessatti Hariyatamuu Isaa

Bara keessatti akka macaafa Qulqulluutti mormii jabaan kan mudate hin jiru. Baroota dheeraa
keessatti seexanni tooftaa garaa garaa fayyadamuudhaan macaafa qulqulluu lafa irraa balleessuuf
yoo yaale iyyuu, hariyatama keessatti Waaqayyo isa eegee amma ammaatti jira.

6.1.5. Macaafa Baayyinaan Gurguramuuf Fudhatama qabu

Baayyinaa maxxanfamee gurguramuu ilaalchisee seenyaa addunyaa keessatti macaafni


qulqulluun bakka duraa qabatee jira. Bara 1815 kaasee hanga bara 1975 duwwaatti macaafota
biliyoona 2.5 koppii ta’ee gurgurame. Akkasumas akka macaafa qulqulluutti afaan baayyeetti

17

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

kan hiikame hin jiru. Afaanota 1800 olitti hiikameera. Macaafa kana caalaas dhageettii qabuu
dha.

6.2. Ragoolee Keessaa

Macaafni qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa ofiima isaatii dhugaa ba’a. Akka
fakkenyaatti;

6.2.1. Sagaleewwan Raajii Macaafa Qulqulluutiin Dubbataman Bara Yesuusitti


Raawwatamuu Isaanii fi Akkasumas Bara Keenyatti Raawwatamaa Jiraachuu Isaanii.

 Raajiin waa’ee Kiristoosiif dubbataman 300 ol raawwatamuu isaanii’ fkn: (Uma. 3:15 fi
Gal. 4:4), (Isa. 7:14 fi Mat. 1:18-20), (Far. 2:7 fi 3:17), (Erm. 23:5 fi Luq. 3:32), (Mik.
5:2 fi Yoh. 7:42), (Zak. 9:9 fi Luq. 19:35-37), (Zak. 11:13 fi Mat. 26:15), (Far. 16:10 fi
Ho.Er. 2:31), (Isa. 53:12 fi Mat. 27:38), (Isa. 53:9 fi Mat. 27:57-60).
 Waa’ee bu’a Hafuura Qulqulluu fi amantoota keessa jiraachuu isaaf raajiin dubbatame
raawwatamuu isaa (Iyo’el. 2:28-29 fi Yoh. 7:37-39, Ho.Er. 2:1-4 : 10:44)
 Baayyachaa adeemuu barsiisota sobaa fi gantummaan baballachuu. (2Tas. 2:1-12, 1Xim.
4:1, 2Phex. 3:1-7).
 Xuraa’ummaan baayyachuu isaa fi hamileen namaa manca’uu. (Rom. 1:29-32, 2Xim.
3:1-9).
 Gadi adeemaa adeemuu biyya lafaa fi amaloota geggedderamaa (Mat. 24:6-8, Luq. 21:9-
26)

6.2.2. Dhuga Ba’umsa Worra Barreessanii

Worri Macaafa qulqulluu barreessan yaada isaanii keessaa burqisiisanii utuu hin ta’in geggeessaa
Hafuura Qulqulluutiin akka barreessan dhugaa ba’aniiru. (Luq. 1:1-4, 1Phex. 1:16-18, 1Yoh.
1:1-4). Kanatti dabalees Yesuusii fi worri bara sana turan hundi dhugaa ba’aniiru. Ergamootni
akkas jedhu turan, “isin mataan keessan akkuma beektan” (Yoh. 18:20, Ho.Er. 2:22, Ho.Er.
26:24-26)

6.2.3. Waaqayyo Ofii Isaatiif Dhuga Baatuu dha

18

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Waaqayyo Waaqni keenya ofii isaatii macaafni qulqulluun sagalee isaa isa jiraataa ta’uu isaa
dhugaa ba’eera.

 Gochaalee mallattoo fi dinqii ta’aniin dhugaa ba’e (Mar. 16:20, Ibr. 2:1-4)
 Hafuura Qulqulluu Amantootaaf kennuudhaan (Ho.Er. 2:1-4, Ibr. 2:1-4)

6.2.4. Dhuga Ba’umsa Jireenya Namootaa Gedderuun

Macaafni qulqulluun sagalee Waaqayyoo isa jiraataa ta’uu isaaf dhuga baatuu inni jabaan
jireenya namoota isa gedderu humna isaa ti. Jireenya namootaa gedderuu kan danda’u kan akka
Macaafa Qulqulluu biyya lafaa irra hin jiru

Boqonnaa 7:- Akeeka macaafa Qulqulluu fi Bu’aa Isaa

Sagaleen Waaqayyoo yeroo barreeffame calumma jedhee hin barreeffamne. Akeeka


barreeffamee fi ba’aa har’a buusuu qaba.

7.1. Akeeka

A). Namootni biyya lafaa irra jiran hundumtuu waa’ee eenyummaa waaqayyoo, amala isaa fi
fedha isaa akka beekaniifii dha (1Sam. 3:21, Nahi. 8:5-8, Luq. 24:13-32).

B). Ilmaan namootaa worra sababa cubbuutiif Waaqayyoo wajjin wal lolanii fi worra isa irraa
fagaatan karaa Kiristoos Yesuus gara akeeka fayyinaa Waaqayyo isaaniif qopheesseetti akka
dhufan gochuu (Yoh. 5:39, 20:30-31, Efe. 1:13-17, 1Yoh. 5:13).

C). Akkasuma Kiristoositti amanuudhaan Amantoota worra fayyina argatan Waaqayyoon


ulfeessaa, waaqessaa, itti dabalees qajeelfama ittiin Waaqayyoon tajaajilan akka argatan gochuu.
(Far. 19:7-11, Mat. 4:1-11, 2Xim. 3:16, Rom. 15:15-16, 1Xim. 3:15).

7.2. Bu’aa Qo’annaa Macaafa Qulqulluu

A). Sagalee Waaqayyoo irraa lammaffaa waan dhalanneef (1Phex. 1:23) jireenya Hafuuraa
keenyatti Sagalee Waaqayyootiin guddanna. (1Phex. 2:2-3)

19

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

B). Beekumsa waa’ee Waaqayyoo Sagalee isaa keessaa argachuu dandeenya. (Rom. 10:14-17)

C). Ofii keenyas worra kaanis kan nuti barsiisa sobaa irraa eeguu dandeenyu sagalee
Waaqayyootiin. (Qol. 3:16, 1Xim. 4:1-16, 2Xim. 4:1-5).

D). Waaqayyoon yakkuu irraa deebinee eebba argachuu kan nuti dandeenyu karaa sagalee isaatii
ti. (Far. 119:11, Yaq. 1:25)

E). Lola hafuuraa guyyaa guyyaatti nutti dhufu kan nuti ittiin mo’uu dandeenyu sagalee
Waaqayyootiin. (Efe. 6:10-17).

F). Jireenya keenyaaf milkaa’insa karaa hundumaa argachuu kan nuti dandeenyu sagalee
Waaqayyootiin. (Iya. 1:7-8).

7.3. Tooftaalee Ittiin Macaafa Qulqulluu Qoratan

A). Deemsa ergaa isaatii (Obsevation)

Deemsa ergaa isaa hubachuu keessatti gaaffilee armaan gadii hubachuun barbaachisaa dha.

Eenyuutu barreesse kan jedhu

Maaliif barreeffame kan jedhu (Sababa inni barreeffameef)

Maaltu barreeffame kan jedhu (Ergaa inni dabarsuu barbaadu maal akka ta’e)

Eessatti barreeffame kan jedhu (bakka ergichi itti barreefame)

Eenyuuf barreeffame kan jedhu (worri ergicha fudhatan eenyu fa’i)

B). Adeemsa Hiikuu Isaatii (Interpretation)

Yaada ergichaa laala yeroo sanaa wajjin waliin madaaluudhaan utuu hin maqfamin ergaa sirrii
ta’e adeemsa hubachuu ti.

C). Adeemsa Jireenyaa Wajjin Wal-Fudhachiisuu (Application)

20

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Ergichaa karaa sirii ta’e irra erga hiiknee booda bara keenyaaf (yeroo keessa jiraachaa jirruf)
akka walii galutti karaa ergicha ittiin hojii irra oolchinuu dha. Adeemsa kutaa kan irraa jireenya
keenyaaf maal baranna jedhuu dha.

Boqonnaa 8:- Hojiidhaan Wal-qabsiisuu

 Macaafni Qulqulluun geggeessa Hafuura Waaqayyoo kan qabu, haboo guutuu kan qabu,
waan hundumaa fiixaan baasuu kan danda’u safartuu dhugaa dha. Kana yeroo jennu
haboo kan qabu, dogoggora malee kan ta’e, macaafa iftoomina qabuu dha. Kanaaf
haboon Sagalee Waaqayyoo shaakallii namootaa irraa, yaaliiwwan isaanii irraa,
akkasumas barumsaa fi falaasuma waldaa Kiristiyaanaa ol waan ta’eef
 Macaafni Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa 66 nuu Sagalee Waaqayyoo ta’uun isaanii
mirkaneeffameera. Macaafota 66 n alatti kan jiran macaafonni hin mirkaneeffamin garuu
baayyinaan macaafota kakuu moofaa fi kakuu haaraa wajjin kan wal hin fudhannee fi
dogoggora seenaa, baraa fi ta’umsa lafaa waan qabaniif akka sagalee Waaqayyootti hin
fudhannu. Jireenya Kiristiyaanummaa keenyaa keessaa haboo guddaa kan qabu
macaafota 66 n qofaa waan ta’eef jireenya keenyaa fi tajaajila keenya dhaabbachuu
qabna.
 Sagalee Waaqayyoo malee guddinni jireenyaa hin jiru. Kiristiyaanni sagalee Waaqayyoo
malee guddachuu barbaadu akka nama mucaa xiqqoo buddeena utuu hin nyaachisin
guddisuu yaaluu ti. Kanaaf guddina jireenya Kiristiyaana tokkoof barbaachisummaan
sagaleen Waaqayyoo filannoo waan hin qabneef dhuufaadhaan akkasumas gartuudhaan
qo’achuun nu irra jira. Macaafni Qulqulluun barsiisotni dogoggoraa bara dhumaa
keessatti akka ka’an ifatti dubbata. Ofii keenyaa fi namoota worra kaan dogoggora iraa
eeguu kan dandeenyu immo Sagalee waaqayyootiin qofaa dha. Kanaaf sagalee isaa
dubbisuu fi isa dubbifne immoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti agarsiisuutu nu
irra jira.

Gaaffilee Keessa Deebii Waa’ee Barumsa Macaafa Qulqulluu Ilaalchisee

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

21

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

1. ____________ Burqaan Macaafa Qulqulluu Hafuura Qulqulluu dha. Worri barreessan


immoo namoota baayyinni isaanii 40 ta’anii fi yeroo garaa garaa keessa jiraatan,
akkasumas sadarkaa jireenyaa garaa garaa, hojii fi itti gaafatama garaa garaa irra turanii fi
aadaa garaa garaa qabanii dha.
2. ____________ Kakuu Moofaan Afaan Girikiitiin barreeffame
3. ____________ Macaafni Qulqulluun macaafota 81(saddetamii tokko) of keessatti
qabatee jira.
4. ____________ Akkuma sagalee Waaqayyootiin lammaffaa dhalanne, jireenya hafuraa
keenyattis kan guddannu sagaleema Waaqayyootiin.
5. ____________ Macaafni Qulqulluun Sagalee Hafuura Waaqayyoo ti (Inspired Word of
God). Macaafa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamee dha.

Gaaffilee “A” Jalaa Jiraniif Worra “B” Jala Jiran Keessaa Filadhaa

6. Burqaa argama macaafa qulqulluu A). Kaanon


7. Macaafota worra 66 nii ala jiran B). Iyyoobii hanga Macaafa W/Weedduu
8. Macaafa walaloo fi jeedaloo C). Macaafota Hin Mirkanaa’in

9. Safartuu D). Dhokkisaa wajjin ta’u


10. Argama arki’olojistii E). Galmee maramaa Galaana du’aa
F). Iyyaasuutii hanga Asteeritti
G). Mul’ata walii galaa

Qubee Deebii Sirrii Qabatee Jiru Filadhu

11. Amaloota Macaafa qulqulluu kan hin ta’in kam?


A. Macaafni Qulqulluun macaafa haboo fi humna qabuu dha
B. Macaafni Qulqulluun waa’ee Waaqayyoo hubachiisuuf qofaa isaa ga’aa miti.
C. Macaafni qulqulluun namni kam iyyuu dubbisuu fi hubachuu akka danda’u ta’ee
barreeffame.
D. Sagaleewwan Macaafa Qulqulluu hundi isaanii dhugaa (dogoggora) kan hin qabnee
dha.

22

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

12. Hafuurri Qulqulluun afaan namoota, qubeewwanii fi aadaatti gargaaramee


barreeffamuudhaan Macaafa Quqlqulluu akka ta’u deemsi godhu maal jedhama?
A). Dhoksaa wajjin ta’uu B). Dhoksaa Hafuuraa
B). Mul’ata D). Mul’ata walii galaa

13. Karaan Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffame isa kam?

A). Waan abjuudhaa fi mul’ataan argan barreessaniiru

B). Bifa xalayaadhaan barreeffameera

C). Ergaa isa barreeffame fudhatan

D). Hunduu deebii dha

14. Safartuu macaafa Kakuu Moofaa kan ta’e kam?

A). Gooftaan Yesuus haboo Macaafota Kakuu Moofaa (Seera, Raajotaa fi Faarsoota)
mirkaneessera

B). Ergamootnis akkuma Yesuus ergaan isaanii keessatti macaafota 39 ala macaafa

Kukuu Moofaa keessatti hin caqasne

C). Macaafonni kun Ergamoota booda Waldaa Kiristiyaanaatiin mirkaneeffamaniiru

D). Hunduu deebii dha

15. Macaafni qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaanii ragoolee karaa keessaa ibsan keessaa
kan hin ta;in kam?

A). Sagaleewwan raajii Macaafa qulqulluu keessatti dubbataman keessaa bara Yesuusii fi

bara keenyatti kan raawwatamanii fi raawwatamaa jiraachuu isaanii

B). Baroota keessatti hariyatamuu isaa

C). Worri Macaafa qulqulluu barreessan yaada ofii isaanii utuu hin taane geggeessaa

23

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Hafuura Qulqulluun barreessuu isaanii ibsaniiru

D). Waaqayyo ofii isaan Macaafni qulqulluun sagalee jiraataa fi sagalee ofii isaatii ta’uu

isaa mul’iseera

16. Bara keenyaaf (haala amma keessa jirruuf) akka mijatuuf ergaa isaa karaa nuti ittiin hojii irra
oolchinu kam?

A). Adeemsa ergichaa B). Adeemsa Hiikuu

C). Adeemsa Walitti firoomsuu D). Hunduu deebii dha

17. Sagaleen Waaqayyoo yeroo barreeffaman akeeka barreeffamnii fi bu’aa inni har’a kennu
maal?

A). Dhalli namaa lafa irra jiraatu hundinuu eenyummaa, amalaa fi fedha isaa akka

Beekaniif

B). Dhala namaa worra sababa cubbuutiif Waaqayyoo wajjin wal lolanii fi gargar ba’an

karaa Kiristoos Yesuus gara fayyina isaaniif qophaa’eetiin isaan ga’uu

C). Amantootni worriKiristoositti amananii fayyan Waaqayyoon ulfeessaa fi waaqessaa

akka jiraatanii fi itti dabalees isa tajaajiluuf qajeelfama akka argatanii dha

D). Hunduu deebii dha

18. Ragoolee karaa alaa Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaanii ibsan keessaa

A). Argama Seenaa B). Qabiyyee isaa fi Umurii isaa

C). Argama Arki’ologii D). Hunduu deebii dha

Gaaffilee Itti Aananiif Deebii Sirrii kenni

24

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

19. Macaafonni hin mirkaneeffamin sagalee Waaqayyootiin madaalamee akka macaafa


qulqulluutti fudhatamuu akka hin dandeebye karaa ittiin mikaneessinu keessaa miraasa ibsi.

Barsiisa2:- Barsiisa Fayyinaa

Boqonnaa 1:- Barsiisa Waa’ee Dhala Namaa

Gaaffileen Nama jechuun maal? Eessaa argame? Erga du’ee boodas maal ta’a? jedhan gaaffilee
bu’uuraa waa’ee dhala namaa hubachuuf gargaaranii dha. Gaaffilee kanaaf deebii kennuuf jecha
baroota keessatti beektotni garaa garaa fi qorattootni macaafa qulqulluu ilaalchota garaa garaa
dhiyeessanii jiru. Fkf namni deemsa yeroo keessa gedderamaa, fooyya’aa dhufe, namni
horii/beellada, namni tasa kan uumamee dha, namni waaqolii xixiqqoo dha kan jedhanii fi
yaadoleen biroonis baayyeen turaniiru. Garuu yaadni kam iyyuu akka macaafa qulqulluutti waan
dhugaa, guutuu ta’ee fi waa’ee uumama namaaf barumsa nama hin wallaalchifne kennuu hin
dandeenye. Macaafni Qulqulluun namni akka bifa fi fakkeenya Waaqayyootti kan uumame
jiraataa fi ulfina uumama qabeessa ta’uu isaa dubbata (Se.Um. 1:26-27, 2:7, Iyo. 10:8-12).
Boqonnaa kana keessatti waa’ee uumama(dhufaatii) dhala namaa waan macaafni qulqulluun
barsiisu baranna.

1.1. Uumama (dhufaatii) Namaa

Uumama dhala namaa hubachuun amaloota dhalli namaa uumama worra kaan hundaa irraa
addaa qabu hubachuuf nama gargaaraa. Macaafni Quqlulluun waa’ee uumama dhala namaa akka
itti aanutti barsiisa.

1.1.1. Namni Utuu Biyyi Lafaa Hin Uumamin Yaada Waaqayyoo Keessa Ture.

25

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Macaafni Qulqulluun namni utuu biyyi lafaa hundi iyyuu hin uumamin yaada Waaqayyoo keessa
akka inni ture dubbata. Waaqayyo dhuala namaaf waan barbaachisu hunda erga uumee booda
nama immoo akka bifa isaa fi fakkeenya isaatti uume (Far. 139:13-16, Efe. 1:4).

1.1.2. Namni Akka Bifaa fi Fakkeenya Waaqayyootti Uumame

Nama uumame worra kaanitti kan adda baasu akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumamauu
isaa ti (Uma. 1:26-27, 9:6, Yaqob 3:9). Namni akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumame
jechuun Waaqayyo qaama akka kan namaa qaba ykn namani Waaqayyoo dha jechuu utuu hin
ta’iin, akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumamuu ilmaan namaa kan agarsiisu dandeettii
waa beekuu dhala namaa, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin godhachuu isaa, Waaqayyoon
waaqessuu isaa, ofii isaan waa murteessuu danda’uu isaa, jaalala inni Waaqayyoo irraa jireenya
isaatti shaakaluuf hirmaate, qulqullummaa, qajeelummaa, waan gaarii hundumaa hojjechuu fi
kan kana fakkaatan irraa argamuu isaanii fi akkasumas waa uumuu fi waa yaaduu danda’uu isaa
fi uumama Waaqayyo uume hundumaa irratti haboo qabaachuu isaa ti. Itti dabalees dhalli namaa
uumama worra kaan irra guddaa fi ulfina qabeessa (Far. 8:4-8)

1.1.3. Waaqayyo Nama Biyyoo Lafaatti Uumee Hafuura Jiraataa Itti Baafate
Waaqayyo dhala namaa biyyoo lafaattii uumee Hafuura isaa isa jiraataa immoo itti baafate,
namnis lubuu jiraataa kan qabu ta’e (M.Lal. 12:7, Qol. 3:10).

1.1.4. Namni akka uumama worra kaanii utuu hin ta’in beekumsa yaaduu danda’u,
miira, hayyamaa fi filannoo ofii isaatii uumama qabuu dha.

Namni murtoo mataa isaatii murteessuu danda’a. waan murteesseefis itti gaafatama fudhata.
(Uma. 2:9, 2:16-17, 3:6-8, Ke.De. 30: 15-20, Iya. 24:15, Gal. 6:7, Mul. 3:20).

1.1.5. Waaqayyo Worra Uume Dhiiraa fi Dubartii Godhee Uume

Waaqayyo yeroo nama uume dhiiraa fi dubartii godhee uume (Uma. 1:27, 5:1-2, Mar. 10:6).
Namni dhiiraa fi dubartii ta’ee uumamuu isaatiin, walitti dhufeenya walii galtee qabuun,
barbaachisummaadhaanis wal qixxee ta’uunii fi haboodhaa fi itti gaafatamummaa garaa garaa
kan fudhate ta’uu isaa agarsiisa (Iyo’el. 2:28-29, Gal. 3:28, Efe. 5:21-33).

1.2. Eenyummaa Namaa

26

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Namni Waltti dhufeenye ykn wal makamuu waan sadi’ii ti. Isaanis; foon, lubbuu fi hafuura
jedhamu (1Tas. 5:23, Ibir. 4:12)

1.2.1. Foon (Physical or Material)

Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaa irraa fuudhee waan isa hojjeteef namni dhaqna biyyoo irraa
uumame qaba. Kun immoo jabaa fi ija namaatti kan argamu, kan qaqqabamuu danda’u kutaa
manuummaa namaa yammuu ta’uu, worra hin argamne lubbuu fi hafuurri namaa immoo isa
keessa buufatu (Iyo. 19:26, Luq. 24:36-39). Foonni Hafuura Waaqayyoof ykn hafuura seexanaaf
iddoo buufataa ta’uu danda’a (Luq. 13:11, 1Qor. 6:19-20, Rom. 613. Foonni dhala namaa kan
du’uu fi kan tortoruu dha (Uma. 3:19, Iyo. 34:15).

1.2.2. Lubbuu (Immaterial)

Waaqayyo funyaan nama isa uumeetti Hafuura baafate namnis jiraata ta’e (Uma. 2:7). Lubbuun
kunis jiraataa fi kan baraa baraa ti (M.Lal. 12:7, Mat. 10:28). Kanatti dabalees eenyummaa
(personality) namaa kan mul’isan hayyama, miira, beekumsaaf lubbuun manaa iddoo buufataa ti
(Uma. 49:6, 1Sam. 18:1, Far. 86:4, Fak. 19:2, Mat. 26:38).

1.2.3. Hafuura (Spirit)

Hafuurri keenya kutaa nuti ittiin Waaqayyoo wajjin wal arginuu dha. Waaqayyoon
waaqessuudhaa fi jaalala isaas akka nuti hubanuuf kan nu gargaaru hafuura keenya (Yoh. 4:24,
Rom. 8:10, 1Qor. 2:12-13).

Macaafni qulqulluun jechoota lubbuu fi hafuura jedhaman wal keessa fuudhee itti gargaarama
(Uma. 41:8 fi Far. 42:6, Yoh. 12:27 fi 13:21, Luq. 1:46-47, Ibir. 12:13 fi Mul. 6:9). Lubbuu fi
Hafuurri tokko ta’anis ta’uu baatanis waanti hubachuun nuuf ta’u Waaqayyo yeroo nama uume
foon, lubbuu fi hafuurri waliin ta’anii kan hijjetan fi nama guutuu tokko akka jedhamaniif ta’uu
isaa hubachuu dha. Tokkummaan kun kan wal fudhatee fi gargar baasuun kan hin danda’amnee
dha. Waanti Macaafni Qulqulluun nu barsiisu tokkummaan nama keessa jiruu fi eenyummaa
guutuu akka inni qabuu dha.Macaafni Qulqulluun kan inni nu barsiisu eenyummaa namaa
guutummaa eenyummaa isaatiin akka nuti fudhannuu dha. Nama gar gar baafnee isa kaa’uu hin

27

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

dandeenyu. Jireenya hafuuraa keenyaan karaa hundumaa guddachuutu nu irra jira (Rom. 12:1,
1Qor. 6:19-20, 2Qor. 7:1).

1.3. Akeeka Namni Uumameef

Waaqayyo waan uume hundumaa beekumsa isa isaa dhaabbataatiin yaadaa fi akeekaan uume.
Kanaaf namnis akeeka bu’uuraa kanatti aanana galmaan ga’uuf uumame.

1.3.1. Biyya Lafaa Irratti Haboo Akka Qabaatuuf

Namni biyya lafaa irratti bakka bu’aa Waaqayyoo waan ta’eef biyya lafaa bulchuuf, kunuunsuuf,
bareechuu fi to’achuuf itti gaafatamni itti kenname (Uma. 1:26-28, Far. 8:4-9).

1.3.2. Waaqayyoon Akka Beekuu fi Akka Waaqessuuf

Namni Waaqayyoo wajjin tokkummaa akka qabaatuuf, fedha waaqayyoon akka buluuf, akka isa
waaqessuu fi akka isa tajaajiluuf uumame. Tokkummaan kun immoo Kiristoosiin beekuu fi
duukaa bu’uu irraa jaqaba (Ke.De. 6:4-5, Far. 100:2-3, Isa. 43:20-21, Yoh. 17:3)

1.3.3. Dhaloota Waaqayyoon Beeku Itti Fuufsisuuf

Biyya lafaa irratti dhalootni Waaqayyoon beekuu fi isa duukaa bu’u akka baayyatuuf karaan
tokko ijoollee godhachuu dha. Kanaaf namni ga’ela akka dhaabbatuu fi ijoollee godhatee biyya
lafaa akka guutuuf uumameera (Se.Um. 1:28, Mil. 2:15)

1.3.4. Amala Waaqayyoo Akka Mul’isuuf ykn Akka Isa Fakkaatuuf

Sababa Waaqayyo akka bifa isaa fi fakkenya isaatti nu uumeef amala isaa biyya lafaa irratti akka
mul’ifnuufii dha. Bifa isa sababa cubbuutiin bade Kiristoosiin fudhachuudhaan ulfina isaa duriitti
deebisuudhaan amala Waaqayyoo biyya lafaa irratti akka inni mul’isu gochuutu nu irra jira (Se.
Ba. 19:5-6, 2Qor. 5:17-21, 1Phex. 2:21).

Boqonnaa 2:- Barsiisa Waa’ee Cubbuu

28

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Namni utuu cubbuutti hin kufinii fi Waaqayyo Waaqa isaatti utuu gargar hin ba’in waaqa isaa
wajjin walitti dhufeenya kallattii fi sirrii kan qabu, cubbuu kan hin beekne, qulqullummaatti kan
jiraatu fi jireenyi isaa mija’aa kan ta’e Jennata keessa jiraata ture (Uma. 2:8). Waan Waaqayyo
isa abboomuuf abboomamuu diduu isaatiin ija mukaa isa Gannata Heden keessatti argamu irraa
nyaatee cubbuutti kufe (Uma. 2:16-17, 3:6)

2.1. Hiika Cubbuu

Akkuma sagalee Waaqayyootiin ibsame cubbuun jaalala Waaqayyoo isa qulqulluudhaan


mormuu ykn abboommii isaa hojiidhaa fi yaadaan, ykn amala ofiitiin irra daddarbuu jechuu
yammuu ta’u, bal’inaan akka itti aanutti ibsama.

2.1.1. Amanuu Diduu

Addaamii fi Hewaan waan Waaqayyo isaanitti dubbate amanuu diduun isaanii jalqaba cubbuu ti
(Uma. 3:1-6). Macaafni Qulqulluun Waaqayyoo fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin amanuu diduun
cubbuu akka ta’e dubbata (Yoh. 3:18, 16:9-10, Rom. 14:23, Ibir. 11:6).

2.1.2. Waaqayyoo Irratti Ka’uu

Seera Waaqayyoo irra daddarbuun Waaqayyoo irratti ka’uu dha (Isqe. 2:1-4). Namni karaa lama
Waaqayyoo irratti ka’uu danda’a. Inni tokkoffaan waan Waaqayyo godhaa jedhe gochuu
dhiisuudhaan (1Samu. 15:1-23). Inni gara biraan immoo waan Waaqayyo hin godhinaa jedhe
gochuudhaan (Luq. 6:46, Yaqo. 4:17).

2.1. 3. Hojii Foonii

Hojiin foonii Ergaa gara worra Galaatiyaa 5:19-21 keessatti kan ibsame yammuu ta’u, isaaniin
yeeroo raawwannu Waaqayyo irratti cubbuu hojjechuu keenya.

2.2. Akkaataa Itti Cubbuun Jalqabamu

29

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Kan cubbuu jalqaba hojjete Seexana. Kunis kan ta’e of tuulummaa isaatiin bakka Waaqayyo
isaaf kenne gararraatti bakka argachuu barbaaduu isaatiin akka Waaqayyoo ta’uu barbaadee
jaalala Waaqayyoon mormuudhaaf Waaqayyoo irratti ka’uu isaatiin cubbuun jalqabe (Isa. 14:12-
15, Isqe. 28:11-19, Yihu. 6, 1Yoh. 3:8). Itii fufuudhaan seexanni yaalii of tuulummaa isa isaaf
hin milkoofne gara dhala namaatti fide. Namnis qooda abboommii Waaqayyoo dhaga’u sagalee
sobaa isa kan seexanaa fudhatee filannoo ofii isaatiin ija mukaa isa dhowwametti waan nyaateef
cubbuun gara biyya lafaatti gale. Kana irraan kan ka’es namni hundinuu cubbamaa ta’e (Uma.
2:16-17, 3:1-8, Rom. 5:12). Waaqayyo uumaa waan hundumaa yoo ta’e iyyuu cubbuu garuu inni
hin uumne.

2.3. Cubbamootni Worra Kam?

Macaafni Qulqulluun nanmi hundinuu cubbamaa akka ta’e (M.Lal. 7:20, Fakk. 20:9, Far. 14:2-3,
Isa. 6:4-6, Rom. 3:10-12, 23). Namni hundi cubbamaa ta’uu isaa qofaa utuu hin ta’in yaalii ofii
isaatiitinis cubbuu jalaa of baasuu hin danda’u (Efe. 2:8-9, Tiito. 3:5). Cubbuun akka jiruu fi
bu’aan isaas akka argamu sagalee Waaqayyootiin kan mirkana’ee dha. Fakkeenyaa uumamni
iyyuu isa ibsa (Uma. 3:17-18). Seenaan dhala namaa isa ibsa (Yaq. 4:1-4). Sammuun dhala
namaa iyyuu isa ibsa (Rom. 2:14-15). Gooftaan Yesuus isa ibsa (Yoh. 8:11). Seerris isa ibsa
(Rom. 7:7). Itti dabalees Amantootni hundinuu dhuunfaadhaan isa hubatu (Rom. 7:18-20).

2.4. Goosota Cubbuu

Namni karaa sadii cubbamaa dha

2.4.1. Cubbuu dhaalaatiin

Namootni biyya lafaatti argaman hundinuu Addaam irraa waan dhalatanii fi Addaamis jalqaba
cubbuu waan hojjeteef namni hundinuu cubbamaa ta’e. Namni kam iyyuu cubbuu kanatti bilisa
ta’uu hin danda’u (Far. 51:5, Isa.48:8, Rom. 5:12-14)

2.4.2. Cubbuu Gochaa

Dhalli namaa Addaam irraa dhalachuu isaatti dabalee fedha ofii isaa raawwachuu yaalii godhu
irraan kan ka’e yeroo ittiin harkifamuu fi ittiin gowwoomfamee waan fedhe hojjetu seera
Waaqayyoo irra daddarbuudhaan cubbuu hojjeta (1Qor. 6:9-10, Qol. 3:5-6).

30

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

2.4.3. Cubbuu Yaadaa

Cubbuun yeroo gochaadhaan raawwatamu qofaa utuu hin ta’in yeroo namni sammuu isaa ykn
garaa isaatti hamaa yaaduu fi hawwu cubbuu hojjeta (M.Lal. 2:1, Mat. 5:27-28, Yaq. 1:14-15).

2.5. Gatii Cubbuu

Cubbuun gatii qaba (Rom. 6:23, Gal. 6:7-8, Yaq. 1:14-15). Kanaaf cubbuu kan jalqabe seexana
irraa kaasee hamma namaatti gatii cubbuu akka armaan gadiitti ilaala.

2.5.1. Gatii Cubbuun Seexana Irratti Fide

Waaqayyo teessoo isaaf kenne irraa gadi isa buuseera (Isa. 14:12-15). Walitti dhufeenyaa
barabaraa Waaqayyoo wajjin qabu irraa gargar ba’eera (Isqe. 28:12-18, Luq. 4:34). Itti dabalees
barbaraan firdii hin gedderamne Gahaannamitti gubachuu itti fardichiiseera (Mat. 25:41, 2Phex.
2:4, Yihu. 1:6).

2.5.2. Gatii Cubbuun Nama Irratti Fide

Mata duree kana jalatti sababa cubbuutiif dhalli namaa Waaqayyoo wajjin, ofii isaa wajjin, nama
akka isaatii wajjin fi akkasumas uumamaa wajjin walitti dhufeenyi inni qabu attamitti akka inni
gargar ba’e itti fuufnee ilaalla.

2.5.2.1. Du’a Foonii

Dhalli namaa yeroo uumame bara baraan akka jiraatuuf ture. Yeroo cubbuun biyya lafaatti gale
“biyyoo waan taateef biyyootti deebita” sagalee jedhuun namni hundinuu du’a jalatti kufe. Du’i
foonii karaa lubbuun namaa foon namaatti gargar baatuu dha (Uma. 3:19, Rom. 5:12)

2.5.2.2. Du’a Hafuuraa

Namni hundinuu sababa cubbuutiif walitti dhufeenyi inni Waaqayyoo wajjin qabu gargar cituu
isaa kan agarsiisuu dha (Efe. 2:1-2).

2.5.2.3. Du’a Baraa Baraa

31

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Sababa cubbuutiif namni hundinuu Waaqayyootti waan gargar ba’eef Yesuus Kiristoositti
amanee lammaffaa dhalachuu yoo baate du’a baraa baraa du’a.kunis du’a lammaaffaa ykn
murtoo gahaannamitti galuu fudhachuu ykn galaana ibiddaatiin adabamuu jedhama (Dan. 12:2,
Mat. 25:46, Mul. 20:14-15, 21:18).

2.5.2.4. Diinummaa

Walitti dhufeenyi namni Waaqayyoo wajjin qabu in balleeffame. Namni diina Waaqayyo ta’e
(Uma. 3:8-11, Rom. 5:10, Qol. 1:21-22). Namni nama akka isaatii wajjin diina walii ta’e (Uma.
4:1-8, Mat. 10:36). Itti dabalees namni ofiima isaa wajjin diina ta’e (Mati. 27:3-5). Sammuun
isaa fi yaadi namaa in manca’e (Isa. 59:7, Tiit. 1:15) garaan isaa hamaa fi jallaa ta’e (Uma. 8:21,
Erm. 17:9).

2.5.2.5. Garbummaa

Namni garba cubbuu ta’e (Yoh. 8:34, Rom. 6:17-18). Itti dabalees namni garba seexanaa ta’e
(Efe. 2:1-2, Gal. 4:7-8).

2.5.2.6. Hamalli Inni Uumamaan Qabu In Manca’e

Cubbuutti kufuu isaa irraan kan ka’e namni walitti dhufeenya inni uumamaa wajjin qabu in
manca’e, laftis sababa namaaf in abaaramte (Lew. 26:19). Bineensota bakkeef illee dhiphinaa fi
yaaddootu ta’e (Lew. 26:21-22). Beela, waraana, dhukkubaa, fi kkf argame (Luq. 21:11).

Boqonnaa 3:- Fayyina

Namni akka cubbuutti kufee fi ofii isaa fayyisuu dadhabee firdii Waaqayyoo kan eeggatu ta’uu
isaa asiin olitti ilaalleera. Waaqayyo garuu nama isa akksumatti kufe kan akkasumatti furmaata
malee hin dhiifne. Dhala namaafis karaa fayyinaa qopheesse.

3.1. Hiika Fayyinaa

Fayyina jechuun dhalli namaa sababa balleessaa isaa fi cubbuu isaaf Waaqayyoottii gargar ba’ee
garba cubbuu fi seexanaa, ilmaan abaarsaa, fi firdii gahaanamiif kan ka’ame ta’ee utuu jiruu du’a

32

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

baraa baraa kana keessaa gara jireenya baraa baraatti karaa Kiristoos darbuu jechuu dha (Yoh.
3:16, Rom. 5:8, Efe. 2:5).

3.2. Karaa Fayyinaa

Namni jireenya baraa baraa argachuudhaaf karaa garaa garaa inni iraa deemuu lamatu jiru. Inni
jalqabaa karaa isa sirrii hin ta’inii fi namoota gara jireenya kanaatti fiduu isa hin dandeenye
yammuu ta’u, karaa inni lammaffaan garuu karaa tokkicha namoota gara jireenya baraa baraatti
fiduu danda’uu dha.

3.2.1. Karaa Isa Sirrii Hin Ta’in

Yeroo ilaalaman garii kan fakkaatan garuu bu’uura Macaafa Qulqulluu kan hin qabnee fi gara
fayyinaatti kan hin geessine karaawwan baayyeetu jiru. Isaani keessaa muraasni worra itti
aananii dha.

3.2.1.1. Hojii Gaarii Hojjechuu

Fayyin hojii gaarii nuti ofii keenyaan hojjennuun hin argamu. Waaqayyo sababa hojii gaarii nuti
hojjenneef nu hin fayyisu. Qajeelummaa ofii keenyaatiin jireenya baraa baraa argachuu hin
dandeenyu (Isa. 64:6, Efe. 2:8-9, Tiit. 3:5). Sababa fayyineef hojii gaarii hojjenna malee fayyuuf
hojii gaarii hin hojjennu. Sababni isaa Waaqayyo hojiidhaan nama hin fayyisu (Gal. 2:16).

3.2.1.2. Seera Eeguu

Akka Macaafni Qulqulluun nu barsiisutti seerri akeeka lama qaba. Inni tokkoffaan cubbuu
agarsiisuu yammuu ta’u, inni lammaffan immoo eegduu ta’ee gara Waaqayyootti nama geessuu
isaa ti (Rom. 7:7-9, Gal. 3:24). Namni kam iyyuu seera eeguudhaan fayyuu hin danda’u (Rom.
3:20, Gal. 2:16, 3:11).

3.2.1.3. Sirna Waaqeffannaa Raawwachuudhaan

33

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Sirna Amantiitiin gara jireenya isa baraa baraatti dhufuun hin danda’amu (Yoh. 4:1-42).
Fayyinni namni tokko erga guddatee booda madaalee kan fudhatu malee abbaa isaa fi haadha
isaa irraa kan hiratu miti (Isqe. 18:20).

3.2.1.4. Beekumsaa fi Oogummaa Lafa Irraa

Fayyinni bu’aa mul’ataa ti malee waan namootni beekumsa ofii isaaniitii fi oogummaadhaan
barbaadanii argatan miti. Haa ta’u malee yoo Waaqayyo nuuf ibse beekuu dandeenya (Mat.
16:16-17, 1Qor. 1:18-23, 2:14).

3.2.2. Sagaleen Waaqayyoo akka barsiisutti namni hundumtu sababa cubbuutiif raawwatee kan
bade ta’uu isaa (Rom. 3:23, 6:23), ofii isaa fayyisuu kan hin dandeenye ta’uu isaa (Mat. 19:25-
26), cubbamaa ta’uu isaa hubatee qalbii diddiirrannaadhaan gara Waaqayyootti deebi’uu akka
qabu (HO.Er. 17:30), utuu nuti cubbamoota taanee jirruu Yesuus sababa cubbuu keenyaaf du’uu
isaa (gatiin cubbuu keenyaa akka kaffalame) (Rom. 5:8), namni cubbuu isaattii qalbii
diddiirrachuudhaan Yesuus Kiristoosiin Gooftaa jireenya isaatii fi fayyisaa lubbuu isaatii
godhatee fudhachuu fi jireenya baraa baraa akka argatu (Yoh. 1:12, 3:15), Waaqayyo karaa
tokkicha namootni ittiin fayyan Yesuusiin qopheesse (Yoh. 14:6).

3.3. Waantoota Fayyin Of Keessatti Qabatu

Fayyinni Waantoota Itti Aanan Of Keessatti qabata

3.3.1. Ysuusitti Amanuu

Macaafni Qulqulluun Yoh. 1:12 irratti akka ibsutti worri Yesuus Kiristoosiin simatan garuu
maqaa isaatti waan amananiif ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif haboo kenneef jedha. Kutaa kana
irraa akka hubannutti Yesuus Kiristoos ittiin hafayyaniif kennaa biyya lafaa hundumaaf
kennamee dha.

3.3.2. Qalbii Jijjiirrachuu

Qalbii jijjiirrachuu jechuun balleessaa keenya *cubbuu keenya) beekuudhaan gabbuu garaa irraa
ta’een cubbuu keenya Waaqayyootti himachuu fi deebinee akka hin hojjenneef murtoo gochuu

34

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

dha (Fak. 28:13, Luq. 18:13, Ho.Er. 3:20). Qalbii jijjiirachuun cubbuu himachuu irra kan darbee
ija hojiidhaan mul’atu qaba (Yoh. 3:10, Mati. 3:8).

3.3.3. Amantii

Gara iddoo isa Waaqayyo namaaf qopheessee ga’uu kan danda’amuWaaqayyo Yesuus
Kiristoosiin gara biyya lafaatti akka erge innis dhufee sababa cubbuu ilmaan namootaaf akka
du’ee fi du’aa akka ka’e amanuudhaan. Amantiin dhaga’uudhaan, dhagu’uunis dubbii
Waaqayyootiin (Yoh. 5:24, Rom. 3:21-22, 4:4-5, 10:17).

3.3.4. Lammaffaa Dhalachuu

Namni ofii isaaf cubbamaa ta’uu isaa yeroo hubatuu fi qalbii jijjiirrannaadhaan Gooftaa Ysuusiin
fayyisaa lubbuu isaa godhatee yeroo itti amanu hojii Hafuura Qulqulluu isa hubannaa namaa
garas ta’een jireenya haaraa argata. Kun immoo dhalachuu jedhama (Yoh. 3:3). Macaafni
Qulqulluun immoo dhalachuu isa jedhu karaa garaa garaa ibsa. Fkn, lammaffaa dhalachuu
(1Phex. 1:3), Uumama haaraa ta’uu (Efe. 2:10, 2Qor. 5:17), Waaqayyoo irraa dhalachuu (1Yoh.
5:1), mucaa Waaqayyoo ta’uu (Yoh. 1:12-13).

3.3.5. Qajeelummaa (Justification)

Namni yeroo Yesuusitti amanu yakka irraa, firdii fi cubbuu irraa bilisa ta’ee Waaqayyoo wajjin
walitti dhufeenya sirrii yeroo jalqabu qajeelummaa argate jedhama (Rom. 5:18, 2Qor. 5:21).
Qajeelummaa ofii keenyaan fuula Waaqayyootti dhiyaachuu waan hin dandeenyeef hojii
dinqisiisaa Yesuus fannoo irratti hojjetee gatii cubbuu baaseen qajeelummaa argannee argamna
(Rom. 4:1-3, Gal. 2:16, filp. 3:8-9).

3.3.6. Qullaa’ummaa (Santification)

Qullaa’ummaan Waaqayyoof adda ba’uu jechuu dha. Kana jechuun cubbuu irraa
qulqullaa’uudhaan gara Waaqayyootti dhiyaachuu fi akeeka Waaqayyoon jiraachuu ilaallata.
Qullaa’ummaan sadarkaa lama qaba. Inni jalqabaa yeroo namni Yesuus Kiristoositti amanu
namummaa isa jalqaba cuubbuudhaan manca’e dhiiga Yesuusiin haareffatee namummaa haaraa
fudhachuu isaa ti (Yoh. 17:17-19, 1Tas. 5:23, 2Tas. 2:13, Ibir. 10:10).

35

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

3.3.7. Ulfina (Gilorification)

Ulfinni galma fayyinaa isa dhumaa yeroo ta’u kan inni itti raawwatamus yeroo Kiristoos dhufee
nu fudhatu ykn yeroo nuti gara isaa dhaqnuu dha (Rom. 8:30, 2Qor. 3:18, Qol. 3:4).

3.4. Eebbaawwan Fayyinaa

Dhalli namaa yeroo Yesuus Kiristoosiin Gooftaa fayyinaa ofii isaa godhatee fudhatu eebbawwan
itti aanan argata.

 Dhaaltuu Mootummaa Waaqayyoo (qomoo waaqa irraa) ta’a (Yoh. 14:1-3, Qol. 1:13-14,
Fil. 3:20).
 Bakka bu’iinsa argata (Rom. 5:8, Gal. 3:13, 2Qor. 5:21).
 Yakki isaa hundumtuu isaaf dhiifamanii, firdiin afee, abaarsa jalaa bilisa ta’a (Rom. 8:1-
2, Qol. 2:13).
 Waaqayyoo wajjin walitti haraarama (Rom. 5:10-11, Efe. 2:14-16, Qol. 1:21-22).
 Dukkanaa fi garbummaa jalaa bilisa ba’a (Efe. 2:1, Qol. 1:13-14, Ibir. 2:14-15).
 Haboo mucaa Waaqayyoo ta’uu argata (Yoh. 1:12, Rom. 8:15).
 Bakka buufata Hafuura Waaqayyoo (mana qulqullummaa) ta’a (1Qor. 3:16, 2Xim. 2:21).
 Tajaajilaa Waaqayyoo wajjin hojjetu (luba mootii Waaqaa fi lafaa) ta’a (Efe. 3:10, 1Qor.
3:9, 2Qor. 5:20, 1Phex. 2:9).
 Habootu kennamaaf (Luq. 10:19, Mar. 16:17-18).
 Waan jireenyaaf barbaachisu hundaa argata (Mati. 6:31-33, 2Phex. 1:2-3)

3.5. Karaaa Fayyinni Ittiin Mirkaneeffamu

Namni tokko jireenya baraa baraa argachuu isaa karaawwan itti aanana mirkaneeffachuu danda’a

3.5.1. Karaa Sagalee Waaqayyoo

Waa’ee fayyina keenyaa Macaafni Qulqulluun sirriitti dhugaa ba’a. waa’ee fayyina keenyaas
akka nuuf raawwaatame yeroo hundaa dhugaa ba’a. fkn; cubbuun keessan maqaa isaatiin isiniif
dhiifameera jedha (1Yoh. 2:12), abaarsi isin irra hin jiru jedha (Rom. 8:1). Ijoollee Waaqayyoo
jedhamnee waamamana… nuti ijoollee Waaqayyoo ti jedha (1Yoh. 3:1), ayyaanaan

36

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

fayyifamtaniittu jedha (Efe. 2:5), jireenya baraa baraa qabaachuu keessan akka beektaniif…
(1Yoh. 5:13). Sagaleewwan kanaa fi kkf tiin Yesuusitti amanuu keenyaan fayyinni keenya akka
nuuf mirkaneeffame sagaleen Waaqayyoo nuuf mirkaneessa.

3.5.2. Karaa Hafuura Waaqayyoo

Yeroo nuti Yesuus Kiristoositti amannu Hafuurri Waaqayyoo immoo nuti ijoollee Waaqayyoo
akka taanee fi jireenya baraa baraa akka qabnu dhugaa nuuf ba’a (Rom. 8:15-16).

3.5.3. Karaa Gedderamsa Jireenya

Akkuma sagalee Waaqayyoo fi Hafuura Waaqayyoon fayyina keenya mirakaneeffanne


akkasumas gedderamsa jireenya keenyaa irraas fayyuu keenya in mirkaneeffanna. Yeroo
Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina lubbuu keenyaa godhannee fudhannu uumama
haaraa taana (2Qor. 5:17). Kanaaf jireenya isa duraan keessa deddeebi’aa turre keessa hin
deddeebinu (Gal. 2:20, Qol. 3:8-10, 1Phex. 4:1-3, 1Yoh. 1:6-7, 2:9-11).

Boqonnaa 4:- Wabii Amantootaa Isa Baraa Baraa

Waa’ee wabii amantootaa isa baraa baraa yeroo dubbannu waantota bu;uura lama hubanna.
Isaanis; filannoo Waaqayyoo fi walabummaa ilmaan namaa.

4.1. Filannoo Waaqayyoo

Waaqayyo beekumsa isaa isa baraa baraatii fi jaalala Waaqummaa isaatiitiin karaa Kiristoos
worra fo’ate fakkaattii ilma isaatii akka fudhataniif duraan dursee murteesse. Kun immoo
filannoo Waaqayyoo ti (Yoh. 13:18, Rom. 8:29-30, Efe. 1:4-5, 1Phex. 1:1-2).

4.2. Walabummaa Ilmaan Namaa

Waaqayyo imaan namootaa hundumaaf jireenya baraa baraa qopheesseera.kanaaf Yesuusitti


amanuu ykn amanuu dhiisuudhaaf dhalli namaa ofii isaan akka murteeffatuuf walaba isa
godheera. Worri Yesuusitti amanan hundinuu in fayyu. Worri itti hin amanne immoo itti
faradama (Iya. 24:15, Yoh. 3:16-18, 5:40, Rom. 10:9-10, 1Xim. 1:15, 2Phex. 3:9, Mul. 3:20).

4.3. Wabii Baraa Baraa

37

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Fayyinni amanaa Waaqayyo isa hundumaa danda’uudhaan kan eegamee dha (Yoh. 6:37-39,
10:27-29, Rom.8:38-39, Efe. 1:13-14, 1Phex. 1:3-5). Haa ta’u malee amanaan akkasii cubbuu
isaattii qalbii jijjiirrachuudhaan guyyaa guyyaatti Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya jabaa
gochuudhaan fayyina fudhate qajeelummaan, qulqullummaan, sodaadhaa fi hoollachuudhaan
eeggachuu qaba (Mati. 24:13, Fil. 2:12, Ibir. 3:12-14, 6:4-6, 2Phex. 1:10-11, Mul. 2:26-27, 3:3-
5).

Boqonnaa 5:- Hojiidhaan Wal-qabsiisuu

 Namni kan uumame akka bifa Waaqayyootti yammuu ta’e bifaa fi fakkeenya Waaqayyoo
fudhatee jiraata (Uma. 1:26-27). Kanaaf sanyii namaa kam keessatti, haadaa kam
keessatti, bifaa fi amantiin gargar yoo ta’e iyyuu namni wal-qixxee ta’uu isaa beekuun
barbaachisaa dha. Namni amanaa ta’e immoo gosa irraa, afaan dubbatamu irraa, qomoo
irraa karaa gooftaa kan bitame waan ta’eef (Mul. 5:9-10, Efe. 1:23, Qol. 1:18) nama
sababa sanyii isaaf, afaan isaaf, ykn amantii isaaf itti dhiyaachuu fi qooduun akkasumas
jibbuu fi miidhuun waan Waaqayyo jibbu ta’uu isaa hubanee dhalaa namaa hundumaa
wali-qixxeetti itti dhiyaachuu, ulfina kennuufii fi jaallachuutu nu irra jira.
 Namni waantota sadii (foon, lubbuu fi hafuura) uumama waltti qabatee dha. Kanaaf
lubbuu keenya (hafuura keenya) foon keenyatti gargar baafnee ilaaluu hin dandeenyu.
Barumsa namni hafuura jedhu bu’uura Macaafa Qulqulluu hin qabu. Akka Macaafni
Qulqulluun 1Tas. 5:23 irratti nu barsiisutti hafuurri keessanis, lubbuun keessanis, foon
keessanis yeroo Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti waan ittiin jechaa utuu hin
qabaatin akka ta’uuf jabeessa eegaa jedhee waantootni sadan gargar ba’anii ilaalamuu
akka hin dandeenye dubbata. Kanaaf namni tokko foon isaa, lubbuu isaa, hafuura isaa
cubbuu xureessu irraa fagaachuudhaan ofii isaa Waaqayyoof qulqulleessee jiraachuutu
irra jira.
 Amanaan lammaffaa dhalate hundinuu jireenya isaa isa darbe irraa dhiiga Kiristoosiin
dhiqatee hafuuraan lammaffaa waan dhalateef cubbuu jibbuudhaan irraa fagaachuutu irra
jira. Macaafni Qulqulluun 1Qor. 5:17 irratti eenyu iyyuu kan Kiristoos yoo ta’e uumama
haaraa waan ta’ee namummaa inni moofaan darbeera akkuma jedhu amantootni hundinuu
jireenya isa haaraa keessa deddeebi’uutu irra jira. Jireenya isa utuu nuti Gooftaa hin
beekin keessa deddeebi’aa turre dhiisuutu nu irra jira. Fky; ejja, araada garaa garaa fi kkf

38

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

yoo qabaanne isaan kana dhiifnee jireenya haaraa jiraachuutu nu irra jira. Waaqayyo
qulqulluu waan ta’eef amantootni hundinuu jireenya qulqullinaa keessa jiraachuutu irra
jira (Ibir. 12:14, 1Phex. 1:15). Yoo dingata cubbuutti kufne illee dafnee qalbii
jijjiirrachuudhaan Waaqayyoo keenyatti haraaramuutu nu irra jira (1Yoh. 1:9, 2:1, Ibir.
12:1-2). Amanaan garuu jireenya cubbuu keessa jiraachuun irra hin jiru.
 Fayyin amantootaa Waaqayyo isa hundumaa danda’uun kan eegamee dha. Haa ta’u
malee amanaan tokko fayyina isa argate jabaatee qulqullummaatti jiraachuudhaan
eeggachuu irra jira. Namni amanee fayye fayyina isaa qajeelummaan amma hin
eeggtanitti ykn cubbuu kan shaakalu (jireenya cubbuu keessa kan jiraatu) yoo ta’e
fayyina isaa dhabuu danda’a. fayyina barbaraa argachuunis hayyama cubbuu argachuu
miti.

Gaaffilee Hubannoo Waa’ee Barumsa Fayyinaa

Dhugaa Ykn Soba Jedhee Deebisi

1. ___________ namni utuu cubbuutti hin kufinii fi Waaqayyootti gargar hin ba’in
waaqayyo waaqa isaa wajjin walitti dhufeenya kallattii fi sirrii qabaachaa kan ture, cubbu
kan hin beekne, qulqullummaatti kan jiraatuu fi iddoon jireenya isaa iddoo boqonnaa
Gannata Eden keessa ture.
2. ___________ Namni hojii gaarii hojjechuudhaan fayyina argachuu danda’a.
3. ___________ ulfinni galama fayyinaa isa dhumaa yammuu ta’u, kan inni raawwatamus
yeroo Kiristoos dhufee nu fudhatu ykn yeroo nuti gara isaa dhaqnuu dha.
4. ___________ Namni fayye fayyina isaa qajeelummaadhaan amma hin eeggatinitti ykn
cubbuu kan shaakalu (jireenya cubbuutti jabaatee kan dhaabatu( yoo ta’e, fayyina isaa
dhabuu danda’a.
5. ___________ namni akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumameera jechuun
Waaqayyo qaama sanyii kan ilmaan namaa qaba ykn namootni Waaqayyo xixiqqoo dha
jechuu dha.

Gaaffilee “A” Jiraniif Deebii Sirrii Worra “B” Jala Jiran Keessaa Filadhu

“A” “B”

39

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

6. Nama A. Du’a baraa baraa


7. Du’a Galaana Abiddaa B. Ulfina
8. Dhaaltuu Mootummaa Waaqayyoo C. Qullaa’umaa
9. Waaqayyoof Adda ba’uu D. Fayyina
10. Du’a Baraa baraa keessaa E. Eebbawwan Fayyinaa
gara Jireenya Baraa baraatti darbuu F. Foon, Lubbuu, Hafuura
G. Du’a Hafuuraa

Gaaffilee Itti Aananiif Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. Hiikni waa’ee cubbuuf sirrii ta’e kam


a. Amanuu diduu dha c. Waaqayyoo irratti ka’uu dha
b. Hojii Foonii ti d. Hunduu deebii dha
12. Akeekni bu’uuraa namni uumameef maal?
a. Biyya lafaa irratti haboo akka qabaatuuf c. Sabni Waaqayyoon beeku jiraachisuuf
b. Waaqayyoon akka beekuu fi akka waaqessu d. Hunduu deebii dha
13. Waa’ee Uumama Namaaf Barumsi Sirriin inni kan Macaafa Qulqulluu isa kam?
a. Namni utuu biyyi lafaa hin uumamin dura yaada Waaqayyoo keessa ture
b. Namni akka bifaa fi fakkeenya Waaqayyootti uumame
c. Waaqayyo nama biyyoo lafaa irraa uumee Hafuura isaa immoo itti baafate
d. Hunduu deebii dha
14. Waaqayyo namootni akka ittiin fayyaniif karaan jireenyaa inni qopheesse inni sirriin isa
kam?
a. Gooftaa Yesuus Kiristoos c. Seera eeguu
b. Sirna ssagadaa raawwachuu d. Hojii gaarii hojjechuu
15. Yakka keenya (cubbuu keenya) beekuudhaan gabbii garaa irraa ta’een cubbuu
Waaqayyootti himachuu fi lammafaa deebinee akka hin hojjenne murtoo dhugaa
murteessuun maal jedhama?
a. Lammaffaa dhalachuu c. Yesuus Kiristoosiin fudhachuu
b. Qalbii jijjiirrannaa d. Amantii

40

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

16. Namni cubbamaa ta’uu isaa hubatee yeroo qalbii jijjiirratuu fi Yesuusiin akka fayyisaa
lubbuu isaatiitti yeroo fudhatu hojii dhokataa Hafuura Qulqulluudhaan jireenya haaraa
argata. Kun maal jechuu dha?
a. Qajeelummaa c. qullaa’ummaa d. lammaffaa dhalachuu
b. Ulfina
17. Sababa cubbuuf namni hundinuu tokkummaa Waaqayyoo wajjin qabaachaa ture akka
kute kan agarsiisu du’a attamii ti?
a. Du’a foonii c. Du’a baraa baraa d. Hunduu deebii dha
b. Du’a Hafuuraa
18. Waaqayyo yeroo nama uume dhiiraa fi dubartii godhee uumuun isaa maal agarsiisa?
a. Walitti dhufeenya sirrii ta’e
b. Barbaachisummaadhaan lamaanuu wal-qixa ta’uu isaanii
c. Haboodhaan ittii gaafatamaan garuu garaa gara ta’uu isaanii
d. Hunduu deebii dha

Gaaffilee Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19. Namni tokko jireenya baraa baraa akka argate ykn akka fayye karaa sadii
dhugoomfachuun in danda’ama. Karaawwan sadan kana keessaa lamaan isaanii ibsi.
20. Namni jireenya baraa baraa argachuudhaaf karaa inni irra deemuu qabu karaa lamatu jira.
Karaa inni tokko karaa sirrii hin ta’inii fi namnoota gara jireenya baraa baraatti geessu
kan hin daneenye yeroo ta’u inni lammaffaan garuu namoota gara jireenya baraa baraatti
geessuu kan danda’u karaa tokkicha dha. Karaa lamaanuu kana ibsi?

41

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Barumsa 3:- Sadan Tokkummaa

Boqonnaa 1:- Waa’ee Waaqayyoo

Barumsa waa’ee Waaqayyoo barachuun waantota fayyina keenyaaf baayyee barbaachisaa ta’an
keessaa isa ol aanaa dha. Waaqayyo jechuun Gooftaa Waaqaa fi lafaa Gooftaa waan hundumaa
jechuu dha.kanaaf Waaqayyo Gooftaa isa waan hundumaa danda’uu fi iddoo hundumaatti
argamuu qulqulluu fi Waaqayyo bara baraan jiraatuu dha.

1.1. Jiraachuu Waaqayyoo

Macaafni Qulqulluun jiraachuu Waaqayyoo irraan kan ka’e macaafa caafamee dha malee akka
Waaqayyoo jiru mirkaneessuuf kan caafame miti.kanaaf jiraachuu Waaqayyoo fudhachuudhaan
waa’ee hojii uumuu isaatii uumamatti himuudhaan jalqabama. (Uma. 1:1). Uumamni hundinuu
jiraachuudhaaf Waaqayyoon yeroo isa barbaachisu, Waaqayyo garuu jiraachuudhaaf waan tokko
iyyuu isa hin barbaachisu. (Ho.Er. 17:25). Waaqayyoo jiraataadhaa fi Waaqa hin gedderamnee
dha. (Mil. 3:6). Namootni hubatoo hin ta’in jiraachuu Waaqayyoo hin amanan. (Far. 14:1).

1.2. Mul’achuu Waaqayyoo

Waaqayyo karaa garaa garaa ofii isaa uumama hundumaatti mul’iseera. Of mul’isuun kunis
Mul’ata jedhama.

1.2.1. Mul’ata Walii Galaa (General Revilation)

42

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Mul’ata walii galaa kan jedhamu karaa Waaqayyo uumama hundumaatti of mul’isee fi of
beeksisee dha. Kunis;

 Karaa Uumamaa (Far. 19:1-4, Ho.Er. 14:17, Rom. 1:20-21).


 Seera Isaa Yaada Ilmaan Namootaa Keessatti barreessuudhaan (Rom. 2:14-15).
 Seenaadhaan (Dan. 4:34-35, 5:18-21, Izir. 1:1-2).
1.2.2. Mul’ata Addaa (Special Revelation)

Mul’atni addaa namootni hojii ofii isaanitiin gara Waaqayyoo dhufuu waan hin dandeenyeef
barbaachise. Waaqayyo mul’ata addaatiin karaa garaa garaa ofii isaa mul’ise. Karawwan kana
keessaa; abjuudhaan (Uma. 28:12,1Mot. 3:5). Mul’ata (Uma. 15:1, Isq. 8:3-4). Ergaadhaan (Se.
Um. 32:1, Luq. 2:10-11), akkasumas karaawwan kana fakkataan baayyeetiin ofii isaa kan
mul’ise yammuu ta’u, karaawwan kana keessaa immoo karaan baayyee adda ta’e karaa Kiristoos
Yesuus of mul’isuu isaa ti. (Yoh. 1:14-18, Yoh. 14:9, Ibr. 1:1-2) karaan gara biraanis karaa
Macaafa Qulqulluu ti. (Ke. De. 29:229, Yoh. 20:30-31).

1.3. Eenyummaa Waaqayyoo (God’s Personality)

Eenymmaa Waaqayyoo hubachuun kan danda’amu amala isaa isa inni ittiin of mul’ise
ilaaluudhaan. Macaafni Qulqulluun waa’ee Waaqayyoo fi eenyummaa isaa in dubbata. Waan
inni dubbatu keessaa muraasni isaa worra itti aananii dha;

1.3.1. Waaqayyo Hafuura

Waaqayyo Hafuura waan ta’eef hin qaqqabamu, waan ittiin argamuu fi ittiin qaqqabamu qaama
hin qabu. Kanaafis namni kam iyyuu Waaqayyoon hin argine. (Ke.De. 4:12-18, Yoh. 1:18,
1Xim. 1:17). Waaqayyos kan inni Waaqeffamu dhugaa fi hafuuraan. (Yoh. 4:24).

1.3.2. Waaqayyo Waaqa Eenyummaa Qabuu dha (Pesronal Being)

Waaqayyo Hfuura waan ta’eef ijaan hin argamu yoo ta’e iyyuu Waaqa eenyummaa (personality)
qabuu dha. Kana jechuunis an isa jiru, isa jiraataa dha (Uma. 3:14, 6:6)jecha jedhuun Waaqayyo
ofii isaa addaan baasee mul’isuu isaatii fi worra kaanis dubbachiisuu danda’uu isaa

43

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

ti.eenyummaa Waaqayyoo kan mul’isan beekumsa, miiraa fi fedhii akka qabu macaafni
qulqulluun in dubbata. (Uma. 6:6, Ke. De. 32:39, Far. 139:1-6, Naho. 1:2-3, 1Tas. 4:3, 5:18).

1.3.3. Waaqayyo Waaqa Uumamattii Adda Ba’ee Jiraatuu dha


(Transcendent)

Waaqayyo uumama hundumaattii adda ba’ee Waaqa jiraatuu dha. Waaqayyo uumamaa olii dha.
Uumama hundumaa waan caaluuf uumamatti hin irkatu. (2Sen. 2:6, Isa. 55:8-9, Ho.Er. 7:48-50,
Rom. 11”33-36).

1.3.4. Waaqayyo Uumamaa wajjin Walitti Dhuufeenya Qaba (Immanent)

Waaqayyo Waaqa uumamaa wajjin walitti dhufeenya qabu yeroo jennu eenyummaa inni umama
keessatt, ilmaan namootaa gidduuttii fi seenaa keessatti qabuu fi sochii isaa ilaaluun in
danda’ama. Kanaaf Waaqayyo uumama isaa wajjin waltti dhufeenya gar gar hin cinne qaba.
Kanaaf uumama in to’ata, in geggeessa, in bulchas (Iyo. 34:14-15, Mat. 6:26, Ho.Er. 17:25-28,
Qol. 1:17, Ib. 1:3).

1.4. Amaloota Waaqayyoo

Macaafa qulqulluu keessatti amalootni Waaqayyoo karaa garaa garaa ibsameera. Haa ta’u malee
karaan ol aanaa lamatu jira.

1.4.1. Amaloota Waaqayyo Ilmaan Namoota Wajjin Hin Irmaanne ykn


Waaqayy Namaaf Hin Hir’e (Incommunicable Attributes)

Amaloota Waaqayyo ilaan namootaaf hin hirre ilmaan namootaas karaa kamiin iyyuu isaan
argachuu hin dandeenye jiru. Isaanis;

1.4.1.1. Waaqayyo Bakkaa fi Haalaan Hin Daangeeffamu


(Omnipresences)

44

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Waaqayyo Waaqayyummaa isaatiin yeroo tokkicha iddoo hundumaatti argama. Yeroo fi haalli
isa hin daangessu. (Far. 139:7-10, Erm. 23:23-24, Mat. 18:20).

1.4.1.2. Waaqayyo Waan Hundumaa Beeka (Omniscient)

Waaqayyo waa’ee waan hundumaaf beekumsa guutuu qaba. Beekumsa kana immoo waaqayyo
burqaa kam irraa haala kamiin iyyuu hin arganne ykn kan bare utuu hin ta’in Waqayyummaa
isaa isa baraa baraatiin beekumsa isa bira turee dha. (Far. 147:4-5, Isa. 46:9-10, Ho.Er. 1:24,
1Yoh. 3:20).

1.4.1.3. Waaqayyo Waaqa Hundumaa Danda’uu dha


(Omnipotence)

Waaqayyo Waaqa humna hundumaa qabuu fi dandeettii hundumaa qabu waanti tokko iyyuu kan
isaaf hin dadhabamnee fi kan hin mudhuqnee dha. Waaqayyo waan hundumaa danda’uu isaa
olitti yaadni isaas Waaqa dhowwamuu fi danqamuu hin dandeenyee dha. (Isa. 43:13, Er. 32:17,
Dan. 4:35, Iyo. 42:2. Mati. 19:26).

1.4.1.4. Waaqayyo Waaqa Hin Gedderamnee dha


(Immutability)

Waaqayyo eenyummaa isaatiin, amala isaatiin, abdii kennee fi akeeka isaatiin kan hin
gedderamnee dha. (Se. La. 23:19, Isa.46:9-10, Mil. 3:6, Rom. 11:29, Tiit. 1:1-2, Yaq. 1:17, Ibr.
13:8). Kutaalee macaafa qulqulluu tokko tokko irratti Waaqayyo waan hojjetetti akka gaabbe
dubbata. (Uma. 6:6, 1Sam. 15:23, Yoh. 3:10). Jechi Waaqayyoo kun karaa namni hubatu irra
gadda isaa mul’isuuf malee yaada isaa gedderuu isaa mitikan inni nutti dubbatu. Waaqayyo ofii
irratti beekumsa tokko hin dabalu, hin fooyyessu, ofii isaaf jabaatee jiraata.

1.4.1.5. Waaqayyo Barabaraan Jiraata (Eternity)

Waaqayyo kan yeroodhaan hin murtoofne Waaqa baraa baraa ti, haa ta’u malee jalala isaa
immoo yeroo keessatti hojjeta. Waaqayyo jalqabaa fi dhuma kan hin qabne Waaqa yeroo
gararraa ta’ee dha. (Far. 90:2, 1Xim. 6:16, 2Phex. 3:8, Mul. 1:8, 10:6).

45

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

1.4.2. Amaloota Waaqayyo Ilmaan Namootaaf Hiru ykn Dhaalchisu


(Communcialbe Attributies)

Amalootni Waaqayyo ilmaan namotaaf hiree namoota keessaa gutumaan guututti yoo argamuu
baatan illee amma ta’e irraa mul’atan jiru. Isaanis;

1.4.2.1. Beekumsa ykn Oogummaa Garaa Garaa

Waaqayyo waantota darban, kan amma jiranii fi gara fuula duraatti dhufuuf kan jiran oogummaa
isaa isa baraa baraan beeka. Buukumsi Waaqayyoo bu’uura beekumsa hundaa ti. Beekumsa kan
irraa muraa isa isaa dhala namaaf hireera. Dhalli namaa waan hundumaa beeka utuu hin ta’in
beekumsa isa amma rgatee qabu Waaqayyoo irraa argate. (Dan. 2:20-21, Fak. 2:6, Mati. 13:11,
Qol. 2:2-3). Beekumsa argannee qabnu immoo karaa nuti ittiin hojii irra oolchinu oogummaa
jedhama. Burqaan oogummaa hundaa immoo Waaqayyoo dha. (Dan. 2:23, Luq. 21:15, Rom.
11:33, Efe. 1:17, Yaq. 1:5).

1.4.2.2. Amala Safeeffannaa ykn Kabaja Qabaacuu


(Qajeelummaa, Gaarummaa, Jaalala, qulqullummaa, fy kkf)

Waaqayyo hojii hojjetu hundumaan qajeelaa dha. (Isa. 6:1-8). Murtoo isaas qajeelummaadhaan
waan murteessuuf fuula namaa ilaalee hin jal’su. (Rom. 2:11). Waaqayyo karaa isaa hundumaatti
qajeelaa hojii isaattis gaarii dha. (Far. 11:7). Waaqayyo jaalala. Jaalala isaa kana immoo garaa
garaa garaa ibsa. Ilama isaa tokkicha biyya lafaa gatii cubbuu ilmaan namootaa godhee
kennuudhaan immoo jaalala isaa isa dhumaa mul’iseera. (Yoh. 3:16, 15:13). Amaloota
qajeelummaa, gaarummaa, fi jaalalaa kana immoo dhala namaafis hireera. (Yoh. 17:26, Gal.
5:22, Qol. 3:12). Akkasumas qulqullummaa isaa keessaa hirmaattuu akka nuti taanuuf “akkuma
an qulqulluu ta’e isinis jireenya keessan hundumaatti of qulqulleessaa” jechuudhaan ilmaan
namootaa gors. (1Phex. 1:15).

1.4.2.3. Haboo Bulchiinsaa ykn Geggeessuu

Waaqayyo uumama hundumaa kan bulchuu fi geggeessaa isa ol aanaa dha. Waaqayyo fedhaa fi
jaalala isaa raawwachuuf haboo guutuu qaba. Yaada isaas gedderuu ykn anbisuu kan danda’u
tokko hin jiru. (1Sen. 29:12, Far. 47:7, 103:19, Isa. 46:9-11). Ilmaan namootaa immoo uumama

46

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

hundumaa akka bulchuu fi akka eegee ggeessuuf adaraa itti kenneera. (Uma. 1:26-28, Far. 8:4-
8).

1.5. Hojiiwwan Waaqayyoo

Waaqayyo Waaqa uumama isaa wajjin wal quunnamuu fi hojii hojjetuun immoo eenyummaa
isaa mul’isuu dha. Hojiin hojjetu kaasaa muraasni isaanii worra itti aanananii dha.

1.5.1. Karoorsuu (Plan)

Waaqayyo akka jaalala isaatiitti waan hundumaa hojjeta. Kanaaf waan biyya lafaa irratti ta’u
hundumtuu kan inni ta;u akka akeekaa fi karoora Waaqayyootti ta’a. utuu biyyi lafaa hin
uumamni dura waan uumama hundumaa yaada Waaqayyoo keessaa ture. Karoorri Waaqayyoo
immoo kan baraa baraa ti. Karoorri baraa baraa kun seenaa biyya lafaa keessatti toora toora isaan
raawwatama. (Iyo. 42:2, Far. 104:24, Fak. 19:2, Isa. 14:27, Efe. 1:11, Qol. 4:13-15).

1.5.2. Uumuu Isaa (Creation)

Waaqayyo wan hundumaa uumeera, isaan malee waan tokko illee ofii isaan biyya lafaa kana
irratti hin taane. Waan hundumtuu Waaqayyoon uumame. (Uma. 1:1, Nahi. 9:6, Yoh. 1:3).
Waaqayyo waan ume hundumaa waan dura jiru irraa argamsiise utuu hin ta’in waan hundumtuu
sagalee isaatiin waanuma hin jirree irraa gara jiraachifamuutti dhufe. (Far. 33:6, Ib. 11:3).
Waaqayyo uumama isa argamu (worra qaamaan mul’atan) qofaa utuu hin ta’in isa hin argamne
(worra qaama hafuuraa qabanis) uumeera. (Qol. 1:15-16).

1.5.3. Eegumsa Isaa (Providence)

Uumamni (ilmaan namaa dabalatee) erga uumamee jalqabee ofii isaan of jiraachisuu kan
danda’u miti. Kanaaf Waaqayyo uumama isaa wajjin walitti dhufeenya gar gar hin citne godha.
Waan uume hundumaa Waaqayyo waan barbaachisu hundumaa godha, eegumsa barbaachisu
hundumaas in godhaaf. (Far. 91:1-16, Mat. 6:25-34, Ho.Er. 17:28, Fil. 4:19).

1.6. Maqaawwan Waaqayyoo

47

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Maqaawwan Waaqayyoo eenyummaa isaa fi amala isaa agarsiisu. Afaanota Macaafni qulqulluun
ittiin barreeffaman afaan Ibirootaa fi Girikootaa ilaaluun maqaa Waaqayyoo sirriitti hubachuuf
nama gargaara.

1.6.1. Maqaawwan Waaqayyoo Kakuu Moofaa Keessatti


1.6.1.1. El ykn Eloohiim (ELOHIM)

El jechuun umna qabeessa ykn jabaa jechuu yammuu ta’u, Waaqayyo uumaa waan hundumaa fi
qajeelaa fi hundumaa kan bulchu ykn geggeessu ta’uu isaa maqaa agarsiisuu dha. (Uma 1:1,
Ba’u. 9:16, Ke. De. 10:16-18). Maqaan Waaqayyoo inni Eloohiim jedhu kun si’a 2700 ol
macaafa qulqulluu keessatti eeramee jira.

Maqaa Eeloohiim ykn El jedhu kanaa wajjin wal qabatanii maqaawwan caqafaman jiru.

 El-Shaadaayi:- Waaqayyo isa hundumaa danda’u (Uma. 17:1)


 El-Eeliyoon:- Waaqayyo jabaa fi umna qabeess *Se. Lak. 24:16)
 El-Ro’i:- Waaqayyo isa argu (Uma. 16:3)
 El-Alem:- Waaqayyo isa baraa baraa (Uma. 21:33)
1.6.1.2. Yaahiwwee (YAHWEH)

Waaqayyo isa baraa baraan ofii isaan jiraatu jiraachuufis gargaarsa biraa kan hin barbaadne
jechuu dha. Isa jiruu fi isa jiraatu (Ba’u. 3:14) jechuu yammuu ta’u macaafa qulqulluu keessatti
yeroo 6800 caqafameera. Maqaan kun gochaawwan tokko tokko macaafa qulqulluu keessatti
argamanii wajjin wal qabatee jira. Isaanis;

 Yahawee-Yiriyi:- Waaqayyo in qopheessa (Uma. 22:8-14)


 Yahawee-Nisii:- Waaqayyo akeeka koo ti (Ba’u. 17:15)
 Yahawee-Shaalom:- Waaqayyo nagaa koo ti (Ab. Fr. 6:24)
 Yahawee-Tsabaawot:-Waaqayyo Gooftaa Maccaa (1Sam. 17:15)
 Yahawee-Makaayish:- Waaqayyoo isa mana qulqullummaa keessaa (Ba’u. 31:13, Lew.
20:6).
 Yahawee-Ro’i:- Waaqayyo tiksee koo ti (Far. 23:1)
 Yahawee-Elgemolaahi:- Waaqayyo isa gargaaru. (Erm. 51:56)

48

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Yahawee-Naakayi:- Waaqayyo isa fudhatu (Isq. 7:9).


 Yahawee-Shaamaayi:- Waaqayyo asi jira (Isq. 48:35)
 Yahawee-Rafaa:- Waaqayyo fayyisaa keenya (Ba’u. 15:26)
 Yahawee-Eloohiim:- Waaqayyo umna (Iyob. 36:5)
1.6.1.3. Adoonaayi (ADONAY)

Adoonaayi jechuun Gooftaa, abbaa waan hundumaa, hundumaa kan bulchu jechuu dha. (Ke.De.
3:24, Isa. 6:8-11). Yeroo 300 macaafa qulqulluu keessatti caqafamee jira.

1.6.2. Maqaawwan Waaqayyoo Kakuu HaaraaKeessa Jiran

Maqaawwan Waaqayyoo Kakuu Haaraa keessa jiran worra itti aananii dha.

1.6.2.1. Teewos (Theos)

Afaan Ibirootaa isa Eloohiim jedhuu wajjin kan wal fakkaatu yammuu ta’u, hiiki isaa Waaqayyo
isa dhugaa jechuu dha. (Yoh. 17:3, 1Tas. 1:9-10)

1.6.2.2. Kuuriyoos (Kurios)

Gooftaa isa ulfaataa jechuu dha (Luq. 1:46-47, Yoh. 20:28, Ho.er. 2:36)

1.6.2.3. Abbaa (Father)

Maqaa Kakuu Moofaa keessa ture yammuu ta’u, caalaatti hojii irra kan oole Kakuu Haaraa
keessatti. Uumuu Waaqayyoo uumaa ta’uu isaa agarsiisa. (Mat. 11:25-26, Rom. 8:15, 1Qor. 8:6,
Ib. 12:9, Yaq. 1:17)

1.7. Waaqayyoon Beekuu

Waaqayyoon beekuun gara jireenyaatti geessa. Yeroo Waaqayyoon beeknu eenyummaa isaa fi
amala isaa hubachuu dandeenya. Yeroo amala isaa fi eenyummaa isaa hubannu waaqeffamuu fi
ulfina isaaf ta’u dhiyeessuufiidhaan isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuudhaan jireenya
amantii keenyaatti akka barbaachisutti guddachuu dandeenya. (Nahi. 8:8, Efe. 1:17)

Boqonnaa 2:- Barumsa Waa’ee Kiristoos

49

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Amantiin Kiristiyaanummaa kan inni irratti hundeeffame Waaqayyo dhugaa ta’uu Yesuus
Kiristoosi fi nama dhugaa ta’uu isaa beekuu fi amanuun irratti waan ta’eef yoo amanuu didan
jireenya keessaa akka waan hir’ataniitti lak’ama. Yesuus kiristoosiin malee Kiristiyaanummaan
waan hin jirreef waa’ee isaa qorachuun baayyee barbaachisaa dha.

2.1. Eenyummaa Yesuus Kiristoos

Yesuus Kiristoos bartoota isaan “isin eenyu naan jettu”? (Mat. 16:15) jechuudhaan gaaffii
dhiyeesseefii ture. Eenyummaa yesuus beekuuf waantota bu’uura lama hubachuutu barbaachisa.
Inni tokkoffaan amalaa isaatiin isa ilaaluu yammuu ta’u inni lammaffaan immoo hojiin inni
hojjete ilaaluu dha. Kanaaf Kiristoos eenyu gaaffii jedhuuf deebiin isaa argachuudhaaf waa’ee
eenyummaa isaatii macaafni qulqulluun waan inni jedhu ilaalla.

2.1.1. Nama Dhugaa Ta’uu Yesuus Kiristoos (His Fully Humanity)

Yesuus Kiristoos foon uffatee garaa biyya lafaa dhufuun isaa waaqayyo dhugaa fi nama dhugaa
ta’uu isaa mul’isa. Yesuus nama dhugaa ta’uu isaa kan nuuf mirkaneessan.

A). Maariyaam durba irraa dhalachuu isaatiin (Luq. 1:30-31).

B). Akkuma nama kamii oogummaadhaan, qaamaan, akkasumas ulfinaan Waaqayyoo fi nama
duratti in guddata ture. (Luq. 2:52).

C). Akkuma nama kamii foon, lubbuu fi hafuura qaba. (Mat. 26:38, Yoh. 11:33, 1Yoh. 4:3).

D). Cubbuu irraa kan hafe amala dhalli namaa qabu hundumaa qaba ture. Fkn, bela’eera (Mat.
4:2), dheeboteera. (Yoh. 19:28), dadhabeera. (Yoh. 4:6), jaalalli dhala namaa fi gara laafummaan
itti dhaga’ameera. (Mat. 9:36), boo’eera. (Yoh. 11:35), qorameera. (Ibr. 4:15), dheekameera.
(Mar. 3:5), gaddeera. (Mat. 26:37-38).

E). Maqaa namni ittiin waamamu qaba ture. Fkn. Mucaa namaa jedhameera. (Luq. 19:10), Ilama
Daawit jedhameera. (Mar. 10:35), Yesuus jedhameera. (Mat. 1:21), nama jedhameera. (1Xim.
2:5).

50

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

F). Namootni yeroo sanaa akkuma nama kamiitti isa ilaalu turan. (Yoh. 7:46, 19:6, Ho.Er. 2:22,
Rom. 5:15, 1Qor. 15:21, 1Xim. 2:5).

G). Yesuus ofiima isaatiin iyyuu mana ta’uu isaa dubbateera. (Luq. 24:39, Yoh. 8:40).

2.1.2. Sababa Yesuus Nama Ta’uun Isaa Barbaachiseef

A). Dhala namaaf jireenya baraa baraa kennuuf jedhee ti. (Ibr. 2:14-15). Yesuus Kiristoos malee
eenyu illee iddoo keenya du’ee jireenya baraa baraa nuuf hin kennu. (ROM> 5:15-19, 2Qor.5:21,
1Phex. 2:24).

B). Namaa fi Waaqayyoo gidduutti araarsituu ta’uudhaaf. (1Xim. 2:5).

C). Hojii Seexanaa diiguudhaaf (Yoh. 3:9)

D). ilmaan namootaaf fakkeenya gaarii ta’uuf. (Rom. 8:29, 1Phex. 2:21, 1Yoh. 2:6)

E). Ilmaan namootaa angafa luboota akka argataniif. (Ibr. 7:24-25)

F). Waaqayyoon dhala namaatti mul’isuuf. (Yoh. 1:14,18).

2.1.3. Dhibba keessa Dhibba Waaqayyoon Ta’uu Isaa (Fully God)

Yesuus Kiristoos Waaqayyo isa baraa baraan eebbifame ta’ee dhima biyya lafaa boodas abbaa
isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin kan jiraatu Waaqayyoo dhugaa dha. (Yoh. 1:1, 10:30, Qol. 2:9).
Macaafonni qulqulluun Yesuus Kiristoos Waaqayyoo dhugaa ta’uu isaa dhugaa ba’u. Yesuus
Kiristoos Waaqayyoo dhugaa ta’uu isaa waantota nuuf mirkaneessan keessaa;

A). Yesuus Waaqayyoo Dha.

Yesuus inni fooniin biyya lafaa dhufe Waaqayyo dhugaa ta’uun isaa dhugaa Macaafa Qulqulluu
keessa jiruu dha. Kakuu Moofaa keessatti luqqisiiwwan macaafa qulqulluu keessatti kennaman
akkasumaa Kakuu Haaraa keessatti ibsamaniiru. Kunis Yesuus Kiristoos Waaqayyoo dhugaa
ta’uu isaa kan ibsanii dha. (Isa. 6:2-10 fi Yoh. 12:37-41, Isa. 40:3-5 fi Mar. 1:2-3, akkasumas
Far. 47:5 fi 1Xim. 3:16) wal bira qabuudhaan ilaaluun in danda’ama.

B). Yesuus Gooftaa (Yaahaawee) dha.

51

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Maqaan Kakuu Moofaa Keessatti Yahaawee jedhamee Waaqayyoof kenname hiiki isaa Gooftaa
Jechuu dha. Maqaan kun akkuma kanatti Yesuusiif kennameera. (Far. 32:1-2 fi Rom. 4:7-8, Isa.
61:1 fi Luq. 17-21, Ke. De. 6:5 fi Mat22:37, Erm. 3:33 fi Ibr. 8:8, Ke. De. 6:16 fi Mat. 4:7, Isa.
40:3-5 fi Luq. 3:3-6, Far. 1:6-8 fi Ibr. 13:6, Far. 16:8 fi Ho.Er. 2:25, fak. 3:11 fi Ibr. 12:5-6) wal
bira qabuudhaan ilaaluun in danda’ama.

D). Yesuus Amaloota Waaqummaa Qaba

Yesuus Gooftaa baraa baraa ti. (Mik. 5:2, Yoh. 8:58, Qol. 1:15-17, Mul. 1:8). Iddoo hundumaatti
argama (Mat. 18:20, 28:18-20, Yoh. 1:49). Waan hundumaa beeka (Mar. 2:8, Yoh. 2:24-25,
6:64, 16:30). Waan hundumaa danda’a (Mat. 9:6, Luq. 8:25, Yoh. 5:21, Mul. 3:7) Umna
Waaqayyummaa isaatiin bara baraan jiraata (Ibr. 13:8).

E). Yesuusiif Sagadnii fi Waaqessuun in Ta’aaf

Yesuus hojiiwwan Waaqayyo qofaan hojjetu akka hojjete macaafni qulqulluun dhugaa ba’a.
hojiiwwan kana keessaa:- Uumama uumeera (Yoh. 1:1-3, Qol. 1:15-16). Cubbuu namaaf
dhiiseera (Mar. 2:5-12, Luq. 7:47-49). Haboo isaatiin seexana baaseera (Mat. 8:16-17, Mar.
1:23-27,34). Worra du’an haboodhaan du’aa kaaseera (Mar. 5:35-42, Luq.7:11-15, Yoh.11:41-
44). Jireenya baraa baraa kenna (Luq. 23:43,Yoh.17:1-2). Waaqaa fi lafa irratti waan hundumaa
gochuu danda’a (Mat. 28:18-20). Cubbuu irratti murteessuu danda’a (Yoh. 5:22-23, 2Xim. 4:1).
Uumama hundumaa irratti haboo guutuu qaba(Mat. 21:18-20, Luq. 8:22-25). Dhuma biyya
lafaatti waan hundumaa haaraa godha (Mul. 21:5).

E). Yesuus Kiristoos Kakuu Moofaa Keessatti Waaqayyumman Isaa Ibsameera

 Yahawee jedhameera. Maqaan Yahawee jedhamu “kan turee fi kan jiraatu ana” jechuu
yammuu ta’u, maqaa “ana” jedhu gargaarameera. (Ba’u. 3:14, Yoh. 6:20,48, 8:12, 10:7,
10:11, 11:25, 14:6,15:1,18:6)
 Eloohiim (Humna Waaqayyoo) jedhameera (Isa. 9:6)
 Adoonaayi jedhameera (far. 110:1,mat. 22:43-44, Mar. 12:36, Luq. 20:42-43)
 Fayyisaa ta’uun isaa ibsameera (Yo’el. 2:32, Ho.Er. 2:21, Rom. 10:13)

52

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Bifa Waaqayyoo ta’uudhaan mul’ateera (uma. 18:1-8, 28:12-19, 31:11-13, Ba’u. 3:1-6,
Iya. 5:13-15, Ab. Fr. 13:13-22).

2.1.4. Amaloota Lamaan Yesuus Kiristoos Keessa Jiran (Two Nature One Person)

Akka macaafni qulqulluun nu barsiisutti Yesuus Kiristoos amala Waaqayyummaa fi amala


namummaa yoo qabaate iyyuu qaama tokkicha qaba. Amalootni isaa kun lamaan utuu gargar hin
ba’in, utuu wal hin irin, utuu walitti hin dabalamin, walii wajjin jiraatu (Rom. 8:3-4, Gal. 4:4,
1Xim. 3:16, Ibr. 2:11-14).

Kana jechuun:-

A). Waaqayyummaa dhugaanii fi namummaa dhugaan nama tokko keessaan mul’ate malee
qaama lama qaba jechuu miti. (Yoh. 1:14, Rom. 9:5, Qol. 2:9, Ibr. 2:15-18, 1Yoh. 4:2)

B). Akka Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesuus nu barsiisutti namummaa isaa Waaqayyummaa
isaa irraa gargar baafnee dubbachuu hin dandeenyu. Yesuus Kiristoos maqaawwan
Waaqayyummaa isaatiin ittiin waamamu utuu qabuu maqaa namummaa isaatiin akka inni of
mul’ise kan nuti himan kutaalee macaafa qulqulluu baayyeetu jiru. (Luq. 1:43, 2:11, Ho.Er.
20:28, Rom. 9:5, 1Qor. 2:8, Qol. 1:13-14,. Karaa biraan immoo Yesuus Kiristoos maqaa
namummaa isaatii utuu qabuu hojii Waaqayyummaa isaatiin akka inni mul’ate kan nuti himan
kutaaleen macaafa qulqulluu jiru. (Mat. 12:8, Yoh. 3:13, 6:62, Ho.Er. 7:56)

2.2. Hojiiwwan Yesuus Kiristoos

Hojiiwwan Gooftaa Yesuus bakka Sad’itti gargar hirree ilaalla.

2.2.1. Hojii Haraaraa Inni Hojjete (The Atonement)

Yesuus yeroo biyya lafaa kana irra ture Wangeela Sagalee Misiraachoo lallabeera. Worra
seexanan hidhaman bilisa baaseera. Worra beela’an nyaachisee, worra du’an kaaseera (Mat.
4:23-24, Luq. 4:16-21, Mar. 8:1-9, Ho.Er. 10:38-39). Akka akeeka Waaqayyoo isa baraa baraatti
namootuma ofii isaatiitin hammeeffamee dhiphinaa fi woraansa du’aa fudhachuudhaan fannoo
irratti finnifamee qooda manootaa du’eera. (Ho.Er. 2:23, Ibr. 7:26-27, 1Phex. 2:22-24).

Fannoo Irratti Du’uun Isaatiin Immoo;

53

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

A). Namoota Waaqayyoo wajjin walitti haraarseera. (Rom. 5:10-11, 2Qor. 5:18-19, Qol. 1:19-
22).

B). Namoota firdii Waaqayyoo isa baraa baraa jalaa bilisa baaseera. (Yoh. 3:38, 5:24, Rom. 6:1)

C). Namoota cubbuu fi haboo seexanaa jalaa bilisa baaseera. (Gal. 3:13, 4:4-5, 1Phex. 1:18-19)

D). Qooda namootaa ta’ee firdii fudhate. (rom. 5:6, 2Qor. 5:21, 1Phex. 2:22-24).

E). Worra amanan immoo lammaffaa isaan dhalachiiseera. (Yoh. 3:3-18, Tit. 3:4-7, 1Phex. 1:3-
5).

F). karaa isaa fayyinni fooniis argameera. (Efe. 4:11-13, Gal. 3:26-28)

2.2.2. Du’aa Ka’uu Yesuusii fi Gara Waaqaatti Ol Ba’uu Isaa (Resurrection and Asension)

Yesuus Kiristoos fannoo irratti fannifamee du’uudhaan awwaalamee guyyaa sadi’ii fi alkan
sadi’i garaa lafaa keessa erga turee booddee du’aa ka’ee qamaan biyya lafaa irra jiraateera. (Mat.
28:5-6, Yoh. 20:26-27, Ho.Er. 2:23-27, 1Qor. 15:3-4, Mul. 1:17-18). Du’aa ka’ee erga du’aa
ka’ee booda guyyaa Afurtama biyya lafaa kana irra turee dhuma irratti utuu bartootni isaa
ilaalanii gara Waaqaatti ol ba’eera. (Mar. 16:19, Luq. 24:50-51, Ho.Er. 1”9-11).

Du’aa Ka’uun Kiristoos Bu’aa Inni Amantootaaf Qabu.

A). Amantootni du’aa ka’uu isaaniif wabii dha. (Rom. 6:4-10, 1Qor. 6:14, 15:13-21)

B). Amantootni cubbuu kan ittiin mo’atan jireenya haaraa argataniiru (Rom. 6:4,8:11)

C). Amantootni ittiin umna tajaajilaa argatu (Ho.Er. 1:8, Efe. 1:19-22)

D). Amantootni daqna hin duunee fi hin tortorre akka argataniif mirkaneessummaa kenneeraaf
(1Qor. 15:35-54).

2.2.1. Hojii Yesuus Kiristoos Amma Hojjechaa Jiruu fi Deebi’ee Dhufuu Isaa (The Return
of Christ)

54

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Yesuus Kiristoos erga gara abbaa isaatti ol ba’ee booda ulfina isaa duriitti deebi’uudhaan abbaa
isaa bira ta’ee Waldaa Kiristiyaanaa ishee dhaqna isaa taate tajaajilaa jira. Hojii Kiristoos amma
hojjechaa jiru worri jajjaboon isaan itti aanan kana;

A). Worra gara isaa dhufaniif jireenya haaraa kenna. (2Qor. 5:17, Ibr. 7:25)

B). Hojii angafa lubummaa isaa hojjechaa jiraa duuka buutota isaafis in kadhata (Rom. 8:24,
1Xim. 2:5, Ibr. 7:25). Kadhannaa amantootaas in deebisa (Yoh. 14:13-14, 15:7, 16:23-24),
Amantootaaf tajaajila lubummaa kenna (Ibr. 4:14-16)

C). Duuka buutota isaa Hafuuraan cuuba (Mat. 3:11, Yoh. 1:32-33, Ho.Er. 1:5, 2:1-4).

D). Waldoota Kiristiyaanaaf tajaajiltoota kaasuudhaan ishee jabeessa (Efe. 4:10-13)

Yesuus Kiristoos worra kan isaatii ta’an fudhachuudhaaf utuu namni kam iyyuu hin beekin
deebi’ee dhufa. (1Tas. 4:13-18). Worri hin amanneef immoo karaa ifa ta’ee fi ulfina
guddaadhaan qulqullootaa wajjin gara biyya lafaa dhufa (Mat. 24:30-31, Mar. 8:38, 1Tas. 5:2,
Mul. 1:7)

2.3. Tajaajila Yesuus Kiristoos

Yesuus Kiristoos biyya lafaa kanaa fi yeroo amma kana kan inni raawwatu tajaajila sadi’itu jira.
Isaanis Tajaajila Lubummaa, tajaajila Raajjummaa, fi tajaajila Mootii ta’uu isaatii ti.

2.3.1. Lubbummaa Isaa

Yesuus \kiristoos luboota kakuu Moofaa caalaa kakuu Waaqayyoon kan dibamee fi tajaajila kana
guutuuf qajeelummaa barbaachisus kan raawwatee dha. (Ibr. 7:20-21, 9:11). Yesuus Kiristoos
waa’ee cubbuu keenyaaf of kennee aarsaa ta’uu isaatiin gara Waaqayyootti dhiyaachuu
dandeenyeerra. (Ibr. 7:25, 10:10-12). Isaan malee gara Waaqayyo abbaatti kan geessu hin jiru.
(Yoh. 14:6, 1Xim. 2:5, 1Yoh. 2;1).

2.3.2. Mootii Ta’uu Isaa

Yesuus Mooticha isa dibame ta’uu isaa kakuu Moofaa keessatti bara duriitii ka’ee raajameera.
(Zak. 9:9). Yeroo biyya lafaa irratti tajaajilaa tures Mootii jedhamee waamamaa ture. (Luq.

55

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

19:38). Bara ammaa kanas Yesuus Kiristoos Mootii Moototaa ti. (1Xim. 6:15, Mul. 1:4-5,
17:14).

2.3.3. Raajii Ta’uu Isaaa

Musee booddee in ka’a jedhamee (Ke.De. 18:15-18) kan dubbatameef raajichi guddaan Yesuus
Kiristoos ta’uu isaa Pheexiroos dubbateera. (Yoh. 3:22-24). Kanatti dabalees Yesuus ofiima
isaatiif akka raajii ta’e dubbateera. (Luq. 13:33). Yesuus Kiristoos jecha qofaan utuu hin ta’in
hojii isaa fi jireenya isaan amala Waaqayyoo kan mul’ise raajii guddaa dha. (Luq. 24:19).

Boqonnaa 3:- Barumsa Waa’ee Hafuura Qulqulluu

Barumsi Waa’ee Hafuura Qulqulluu mata duree bal’aa waan ta’eef gaaffii Hafuurri qulqulluun
eenyu jedhuun jalqabuun mata duree kanaaf hubannoo bal’aa kenna. “Ruhi” kan jedhu jechi
Ibirootaa ykn immoo “Paanuma” kan jedhu jechi worra Girikii hafuura jechuu yammuu ta’u
karaa gara biraan immoo lubbuu ykn hafuura namaa akka ta’e nu hubachiisa. Sadan tokkumaa
keessaa tkko Hafuura jedhama. “Qulqulluu” jechi jedhu amala isaa waan mul’isuuf Hafuura
Qulqulluu jedhama.

3.1. Hafuurri Qulqulluun eenyu?

Hafuurri qulqulluun akkuma Waaqayyo abbaa fi waaqayyo ilmaa qaama ofii isaa kan qabuu fi
sadan tokkummaa keessaa tokko kan ta’e Waaqayyo dhugaa dha.

3.1.1. Hafuurri Qulqulluun Qaamaa Qabu (Holy Spirit is a personal)

Hafuurri Qulqulluun umna ykn qilleensa utuu hin ta’in Waaqayyo isa qaama ofii isaa qabuu dha.
Hafuurri Qulqulluun qaama akka qabu kan ibsan amaloota garaa garaatu jiru.

A). Hafuurri Qulqulluun Maqaa waan qaama qabuuf kennamuu dha.

Hafuurri Qulqulluun jajjabeessaa dha kan jedhu maqaan kennameeraaf. (Yoh. 1:26). Jajjabeessaa
kan jedhu afaan worra Girikiitiin Phaaraa Qilaaxos jechuu yammuu ta’u hiiki kennamuufis jecha
jajjabeessaa jedhuu oli. Phaaraa Qilaaxoos jechuun gorsaa, abokaatoo jedhamee hiikama. Kana
irraa kan hubannu Hafuurri qulqulluun waan qaama qabuuf malee qilleensaaf ykn waan qaama

56

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

hin qabneef akka hin ta’inii dha. Itti dabalees hafuura qulqulluuf akka qooda maqaatti
gargaaramnee kan nuti ittiin waamnu jechi “Inni” (He) jechu jalqaba yeroo Kakuun Haaraa afaan
Girikiitiin barreeffame waan qaama qabuuf malee waan qaama hin qabneef ykn akkasumatti
maqaa qilleesa irra kennamu akka hin ta’in mul’isa. (Yoh. 14:15-16, 26).

B). Amaloota eenyummaa Isaa Mul’isan Qaba

Hafuurri Qulqulluun akkuma namaa qaama kan qabuu dha yoo jenne amaloota namaa irratti
argina. Akkuma namaa fedha qaba (Ho.Er. 16:6-7, 1Qor. 12:11), Beekumsa qaba (Isa. 11:1-2,
1Qor. 2:10-11), Miira qaba (Isa. 6:3-10, Ho.Er. 5:3-9, Efe. 4:30).

C). Waan Eenyummaa qabu Waan Hojjetu Hundumaa In Raawwata

 Hafuurri Qulqulluun in barsiisa (Nah. 9:20, Yoh. 14:26)


 Hafuurri qulqulluun dhugaa ba’a (Yoh. 15:26, Rom. 8:16)
 Hafuurri Qulqulluun in geggeessa (Rom. 8:14)
 Hafuurri Qulqulluun in ceepha’a (Yoh. 16:13)
 Hafuurri Qulqulluun gara dhugaa hundumaatti geessa (Yoh. 16:13).
 Hafuurri Qulqulluun tajaajilaaf waama (Ho.Er. 13:2)
 Hafuurri Qulqulluun ajeja kenna (Ho.Er. 8:29)
 Hafuurri Qulqulluun bakka namoota bu’ee kadhata *Rom. 8:26O
 Hafuurri Qulqullunn in sakatta’a (1Qor. 2:10)
 Hafuurri qulqulluun in dubbata (Ibr. 3:7, 10:15-16)
 Hafuurri Qulqulluun Tajaajilaaf dibee kaasa (Ho.Er. 20:28)

D). Waan Qaama Qabu Hundumaa Irratti Akkuma Ta’u Isa Irrattis Ta’eera

 In Gowwomsan (Ho.Er. 5:3)


 In Qorame (Ho.Er. 5:9)
 Ittiin morman (Ho.Er. 7:51)
 In Gadde (Mat. 4:30)

57

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

E). Abbaa fi Ilmi ofii isaaniif jireenya akkuma qaban Hafuurri Qulqulluunis ofii isaaf
jireenya qaba.

Kakuu Moofaa Keessaatti “Waaqayyo akkas jedha” kan jedhu sagalee raajii argina. Kakuu
Haaraa keessatti abbaan ilma isaaf yeroo dhugaa ba’u “ilmi koo inni jaallatamaan isa, isa
dhaga’aa” jedha. Yesuusis “dhuguman dhuguman isiniin jedha” jedhee barsiise. Gara qaama
sadan tokkummaa Waaqayyoo gara Hafuura Qulqulluus yoo dhufne akkuma abbaa fi ilmaa bara
keessatti utuu inni dubbatuu argina.kunis qaama akka inni qabu mirkaneessa. Hafuurri
Qulqulluun “Phaawuloosii fi Barnaabaasiin hojii an itti isaan waameef adda naa baasaa) jedhe.
(Ho.Er. 13:2). Bareessaan worra Ibirootaa “Hafuurri Qulqulluun akka jedhu” jedheera. (Ibr. 3:7).
Kana malees luqqisiin xuqaman Hafuurri Qulqulluun akkuma namaa dubbachuu isaa agarsiisu.
Kunis Hafuurri Qulqulluun qaama akka inni qabu mirkaneessa. Luqisootni gara biraanis kanuma
ibsu. (Ho.Er. 21:11, 1Xim. 4:1, Mul. 2:7).

3.1.2. Hafuurri Qulqulluun Umna Waaqayyumma Qaba. (Fully God)

Hafuurri Qulqulluun akka inni qaama qabu ilaalleera. Amma immoo Hafuurri Qulqulluun
Waaqayyoo dha barumsa jedhu Macaafa Qulqulluu keessaa ragaa dhiyeessinee ilaalla.

A). Maqaa Waaqayyummaa Qaba

Hafuuri Qulqulluu maqaadhaan iyyuu Waaqayyo jedhamee waamama. (Ho.Er. 5:3-9).


Waaqayyo abbaa fi Waaqayyo Ilmaa wajjin wal qixxummaadhaaf tokkummaadhaan
waamameera. (Mat. 28:19-20, 2Qor. 13:14). Yahawee jedhamee waamameera *Ibr. 3:7-10).

B). Amaloota Waaqayyumma Isaatii

 Hafuurri Qulqulluun baraa baraan jiraata (Ibr. 9:14)


 Iddoo hundumaatti argama (Far. 139:7-10)
 Hundumaa danda’a (IYob. 33:4, Zak. 4:6, Luq. 1:35)
 Hundumaa beeka (Isa. 40:13, 1Qor. 2:10-11)

58

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

C). Hojii Waaqayyummaa Isaatii Hojjeta

 Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo abba fi Waaqayyo ilmaa wajjin waan hundumaa uume.
(Uma. 1:2, Iyo. 26:10, 33:4, Far. 104:30)
 Hafuurri Qulqulluun dhalanna lammaffa kenna, jireenyas namaaf kenna (Yoh. 3:5-8, Tiit.
3:5)
 Hafuurri qulqulluun in qulleessa (Rom. 15:15-16, 1Phex. 1:2)
 Hafuurri quqluullun Macaafni Qulqulluun nama bira akka ga’u godheera (2Phex. 1”20-
21)
 Worra du’an kaaseera (Rom. 8:9-11)

3.2. Maqaawwan Hafuurri Qulqulluun Ittiin Waamamuu fi Fakkeenyota Ibsan

Macaafni Qulqulluun maqaawwan Hafuurri Qulqulluun ittiin waamamuu fi ittiin ibsamu


akkaataa addaa addaatiin attamitti akka inni itti mul’atee fi attamitti akka inni hojjetu nu
hubachiisa.

3.2.1. Maqoota

Maqaawwan Hafuurri qulqulluun ittiin waamamu baayyee keessaa muraas isaa haa ilaallu.

Hafuura dhugaa. (Yoh. 14:16-17), Hafuura Oogummaa (Ke.De. 34:9), Hafuura ayyaanaa (Ibr.
10:29), Hafuura firdii (Isa. 4:3-4), jajjabeessa (Yoh. 14:15-16), Hafuura Waaqayyo (Se.Ba. 31:3-
4, Mat. 12:28, Rom/ 8:14) Hafuura Gooftichaa (Rom. 8:9, 2Qor. 3:17, 1Phex. 1:11). Hafuura
Qulqulluu (Rom. 1:3-4), Hafura jireenya (Rom. 8:2, Mul. 11:11), Hafuura mucummaa (Rom.
8:15, Gal. 4:6), Hafuura Ulfinaa (1Phex. 4:14), Hafuura baraa baraa (Ibr. 9:14), Hafuura Gooftaa
Guddaa (Luq. 1:35), Hafuura Surraa (Zak. 12:10).

3.2.2. Fakkeenyoota Isa Ibsan

Jireenyi Hafuuraa namni yaadaan bira ga’uu kan hin dandeenye baayyee dhokataa dha. Kanaaf
namni akka hubatuuf Waaqayyo sagalee isaatiin fakkeenyota garaa garaan akka hubannuuf ragaa
nuuf kennee jira. Hojii fi amalli Hafuura Qulqulluu yaada namaa ol waan ta’eef Waaqayyo

59

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

immoo dadhabbii keenya waan beekuuf waa’ee hafuura qulqulluu waan nuti beeknuun nuu
hubachiisa. Karaa inni ittiin nu barsiisu keessa muraasni;

 Bishaan:- Haaressuu fi qulqulleessu kenna. Akkasumas bishaanni jireenyaaf barbaachisaa


dha. (Isa. 44:3-4, Isq. 36:25-27, Tit. 3:5, Yoh. 7:37-39).
 Bubbee:- Akkuma bubbeen hin argamnee fi qabatamuu hin dandeenye Hafuurri
Qulqulluunis akkasuma. (Yoh. 3:8, Ho.Er. 3:2)
 Horri:- Fakkeenya Waaqayyo ittiin ulfinaan namatti mul’atuu dha. (Ba’u. 24:15-18,
1Mot. 8:10-11, Mat. 17:5)
 Abidda:- Humna in Guba, jireenya namaas in qulqulleessa, mallattoo firdiitis. (Mat. 3:11-
12, Luq. 3:16-17, Ho.Er. 2:2-3)
 Dibata/Zayitii :- mallattoo qulqulaa’uu fi umna argachuutiin tajaajilaaf adda ba’uu ti.
(Ba’u. 30:25-30, 1Sam. 16:1, 11-13, 2Qor. 1:21, 1Yoh. 2:20,27)
 Gugee:- Mallattoo jireenya qul’aa, garraamummaa, amal-qabeessumaa ti. (Mat. 3:16)
 Chaappaa:- mallattoo xumura hojii, mirkaneessummaa, walii galtee, gatii baasuu ibsa.
(Efe. 1:13, 4:30)
 Uffata:- Mallattoo umna uffachuu (jabina argachuu) agarsiisa. (Luq. 24:49)

3.3. Hojii Hafuura Qulqulluu

Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo abbaa fi Waaqayyo ilmaa wajjin ta’uudhaan hojii garaa garaa
Kakuu Moofaas ta’e kakuu Haaraa keessatti hojjeteera.

3.3.1. Hojii Hafuura Qulqulluu Kakuu Moofaa Keessatti

A). Hafuurri Qulqulluun hojii uumuu fi jireenya kennuu keessatti hirmaateera. (Uma. 1:2, Iyo.
26:13, Far. 104:29-30, Isa. 32:15)

B). Hafuurri Qulqulluun namoota tajaajilaa fi hojiiwwan garaa garaaf adda baasaa ture. Humnaa
fi ga’umsa hojiis kennaafii ture. Fkn, ogeessota irratti, mootoota irratti, waraanaa fi raajota irratti
bu’aa ture. Ba’u. 31:1-4, Lakk. 1:26, 27:18, Ab.Fr. 3:10,6:34,11:29, 1Sam. 11:6, 16:13, 2Mot.
2:9-15).

60

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

C). Hafuurri qulqulluun sabni Waaqayyoo jaalala Waaqayyoo gochuudhaan qulqullummaatti


akka jiraatan gargaara. (Far. 143:10, Isq. 36:27)

D). Hafuurri Qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo ga’umsaan ga’uudhaa fi geggeessuudhaan


Sagaleen Waaqayyoo akka barreeffamu godheera. (Erm. 36:17-18).

3.3.2. Hojii Hafuura Qulqulluu Kakuu Haaraa Keessatti

A). Hafuurri Qulqulluun dhaloota Gooftaa Yesuus keessatti, goddina isaa keessatti, tajaajila isaa
keessatti, du’aa fi du’aa ka’uu isaa keessatti mul’ateera. (Mat. 12:28, Luq. 1:35, 2:40, 3:21-22,
10:21, Ho.Er. 10:38, Rom. 8:11)

B). Hafuurri Qulqulluun tajaajiltoota isaa gargaaruudhaan Sagalee Waaqayyoo akka barreessan
godheera. (2Xim. 3:16-17, 2Phex. 1:20-21)

C). Hafuurri Qalqulluun waa’ee cubbuutiif, waa’ee qajeelummaatii fi waa’ee firdiitiif jedhee
biyya lafaa ceepha’a, namoota in adaba, gara Kiristoositti geggeessa, lammaffaa isaan
dhalachiisa. (Yoh. 16:8, 13-14, Ho.Er. 5:3-6)

D). Dogoggora irraa Waldaa Kiristiyaanaa eega, amantoota gara dhugaatti geessa, keessa
isaaniittis isaaniif kadhata, in qulqulleessa, in barsiisa, in geggeessa, umna kennaaf, tajaajilaaf
qopheessa. (Mar. 13:11, Luq. 2:26, Yoh. 14:26, Ho.Er. 1:8, 13:2-4, 16:16, Rom. 8:27, 15:15-16,
1Yoh. 2:27, 1Phex. 1:1-2).

3.3.3. Hojii Hafuura Qulqulluu Waldaa Kiristiyaanaa Keessatti

Hafuurri Qulqulluun waldaa kiristiyaanaa kan haaressan, qulqullinatti kan eegan kennaawwan
garaa garaa kenneera. Kennaan Hafuura Qulqulluu kennaa Waaqayyoo, kennaa Yesuus ykn
kennaa Ayyaanaa jedhamuudhaan beekama. Kennaa Waaqayyoo, kan Yesuus, kan Hafuura
Qulqulluu yammuu jedhamu eenyu akka kennee fi kennaa ayyaanaa ta’uu isaa mirkaneessuu
ibsama.

61

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

3.3.3.1. Cuuphaa Hafuura Qulqulluun Kennu

Sagalee waaqayyootiin abdiiwwan kennaman keessaa baayyee mul’atee kan ba’e tokko cuuphaa
Hafuura Qulqluun kennuudhaa. (Luq. 24:48-49, Ho.Er. 1:5, 2::1-4, 1Qor. 12:13). Egaa waa’een
Hafuura Qulqulluu yammuu ka’u gaaffiwwan ka’an baayyeen akka jiru beekamaa dha.
Gaaffiiwwan kana keessaa worra angafa ta’an kaasuudhaan in ilaalla.

A) Cuuphaan Hafuura Qulqulluu Maal?

Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamuu jechuun amanaan tokko fayyisuu Gooftaa Yesuusitti


amanee lammaffaa erga dhalatee booda jireenya amanaa sanaa keessatti kan mul’atu shaakkallii
Hafuuraa yammuu ta’u, akeekni isaas tajaajila hafuuraaf umna fudhachuu fi amantootni jireenya
qulqul’aa Gooftaa ulfeessu akka qabaataniif gargaara. (Ho.Er. 15:8, 2:4, 10:44-46) cuuphaan
Hafuura Qulqulluu Macafa qulqulluu keessatti jechoota garaa garaan ibsameera. Isaanis; umna
uffachuu. (luq. 24:49), Umna fudhachuu. (Ho.Er. 1:8, 8:15, 19:2), guutamuu. (Ho.Er. 2:1-4,
9:17), nama irratti dhangala’uu (Ho.Er. 2:17-18, 2:33, 10:45), nama irra bu’uu. (Ho.Er. 1:8, 8:16,
10:44, 19:6), isaan kun hundumtuu karaa guutamni Hafuura Qulqulluu fi ittiin lammaaffaa
dhalachuun kennamu kan ibsanii dha.

B). Cuuphaan Hafuura Qulqulluu Bara Keenyaaf In Barbaachisaa?

Ayyaana guyyaa shantammaffaa gaafa Hafuurri qulqulluun bu’e irratti lallaba Pheexiroosiin
garaan isaanii rukutamee “maal goonu”? jedhanii yeroo namootni gaafatan deebii deebiseef
keessatti “qalbi jijjiirradhaa” cubbuun keessanis akka isiniif dhiifamuuf tokkoo tokkoon keessan
maqaa Gooftaa Yesuusiin cuubamaa kennaa Hafuura Qulqullus in argattuuje,;

Sagaleen Abdii isaatii isinii fi ijoollee keessaniif akkasumas worra fogoo jiran Waaqayyoon
keenya garaa isaatti waamuufis waan ta’eef ittiin jedhe. (Ho.Er. 2:37-39). Akka luqqisii kan
irraa arginutti abdii Gooftaan Yesuus waa’ee Hafuura Qulqulluuf kenne dhaloota tokkoof qofaa
utuu hin ta’in amma inni deebi’ee dhufutti dhaloota jiran hundumaaf ta’uu isaa ti.

Kanaaf Hafuura Qulqulluun cuubamuun Waldaa keessatti ta’e akka dhuunfaatti baayyee
barbaachisaa dha.Waldaa Kiristiyaanaa ishee jalqabaaf erga barbaachise har’as yeroo dukkanni
biyya lafaa kun itti ammaate kana keessa nu worra jiraanufis baayyee barbaachisaa dha. Cuphaan

62

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Hafuura qulqulluu duraan dursee kakuu Moofaa keessatti abdiin isaa kenname (Iyo. 2:28-30).
Yohaannis cuubaatiinis dubbatameera (Mat. 3:11). Yesuus Kiristoosiin abdiin isaa kenname
(Ho.Er. 1:5). Pheexiroosiin dhugaa ba’ame (Ho.Er. 11:16).

Waldaa Kiristiyaanaa ishee jalqabaa keessatti namni tokko yammuu inni Yesuus Kiristisootti
amanu cuuphaa Hafuura Qulqulluun cuubamuun isaa kan mirkaneeffamee dha. Kanaa
mirkaneessuuf immoo kutaalee macaafa qulqulluu asiin gaditti eeraman dubbisuun ga’aa dha

1 2 3 4 5 6 7

Eenyu fa’i? Bartoota Amantoota Amantoota Phaawuloos Maatii Amantoo Amantoot


nama 120 Yihodaa(Ho. Samaariyaa Damaasqoot Qerneleew ta a
(Ho.Er. Er. 2:36-47) (Ho.Er. ti (Ho.Er. os (Ho.Er. Efeeson Hunduma
2:1-13) 8:12-17) 9:17-18) 10:4, 4-48) (19:1-7) a (Mar.
16:16-18)

Jalqabatti Amananii Amananii Amananii Amananii Amananii Amananii Amanuu fi


Qalbii Qalbii Qalbii Qalbii Qalbii Qalbii Qalbii
Jijjiiratan Jijjiiratan Jijjiiratan Jijjiiratan Jijjiiratan Jijjiiratan jijjiirachu
u

Lammaffaa Hafuura Hafuura Hafuura Bishaaniin Bishaaniin Hafuura Hafuura


irratti Qulqulluu Qulqulluun Qulqulluu cuubaman cuubaman Qulqullui Qulqullu
fudhatan Guutaman fudhatan rra bu’e
Fudhatan

Sadaffaa Hafuura Hafuura Hafuura Bishaaniin Bishaaniin Hafuura Hafuura


Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu cuubaman cuubaman Qulquluu Qulqullu
cuubaman Guutaman fudhatan irra bu’e cuubaman

Attamitti Yaada Hin Ibsamne Harka Irra Haraka irra Sagalee Harka Akkaataa
fudhatan tokkoon ka’uudhaan kaa’uudhaa isaa irra garaa
Kadhatan n dhaga’udha kaa’uudh garaan

63

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

an aan

C). Hafuura qulqulluun Cuubamuun Maaliif Barbaachise?

Cuuphaan Hafuura qulqulluu humna Waaqayyoon guutamuu dha. Humni Waaqa irraa jireenya
amanaa keessa yeroo guutu waanta dinqisiisaa nama keessatti hojjeta. Hojii isaa kana keessaa
worri itti aanana worra gurguddoo dha.

 Hafuura Qulqulluun cuubamuun amantootni humna cubbuu akka mo’atan godha. (Mat.
3:11-12, 1Phex. 1:1-2)
 Hafuura Qulqulluun cuubamuun fedhii tajaajilaa jireenya amantootaa keessa ka’a.
(Ho.Er. 1:8, 4:33, 26:22-23, Rom. 12:11, 2Xim. 1:6-7).
 Hafuura Qulqulluun cuubamuun amantootni dubbii Waaqayyoo akka hubatan godha.
(Yoh. 16:14,1Yoh. 2:27).
 Hafuura Qulqulluun cuubamuun kadhannaa fi Waaqeffannaa amantootaa geddera. (Yoh.
4:23-24, Fil. 3:3).
 Hafuura Qulqulluun cuubamuun jireenya dhuga ba’umsa amantootaa gedderee tajaajila
dhuga ba’umsaaf isaan qopheessa. (ho.Er. 1:8, Ibr. 1:7).
 Hafuura Qulqulluun cuubamuun amantootni Kiristoosiin fakkachaa akka jiraatan isaan
godha. (gal. 5:22-25)

D). Attamitti Hafuura Qulqulluun Cuubamuu Dandeenya?

Hafuura qulqulluu kan ittiin fudhatan qajeelfamni wal fakkaataan ykn tokko ta’e hin jiru.
Sagaleen Waaqayyoo akka nu barsiisutti Yaadni tokko tokko waan jiruuf isa ilaalla.

Akka Wangeela Yohaannis 7:37-38 tti;

 Akkuma fayyinaa fi jireenya baraa baraa argachuu Hafuura qulqulluun cuubamuunis


kennaa tola namootaaf kennamee dha. Kennaa kana fudhachuuf immoo waanti
barbaachisu cubbuutti qalbii jijjiirrachuun Gooftaa Yesuus Kiristoosiin Gooftaa jireenyaa
godhanii itti amanuu dha.

64

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Lammaffaa irratti immoo “eenyu iyyuu kan dheebote yoo jiraate” isa jedhuu dha. Namni
eebba Waaqayyoo amma gaafatee fi amma dheebotee argata. Cuuphaan Hafuura
Qulqulluus kan kennamu worra dheebotanii laphee banamaadhaan itti dhiyaataniifii dha.
 Waan Gooftaan dubbate keessa sadarkaa sadaffaa irratti kan nuti ilaallu (gara koo haa
dhufu” kan jedhuu dha. Gooftaan Yesuus worra Hafuura qulquulluun cuubamuu
barbaadaniin namni dheebote gara koo haa dhufu jedhee afeera.
 Waanti arfaffaaniif inni dhumaa immoo “dhufee haa dhugu” kan jedhuu dha. Eebba
Waaqayyoo kan nuti fudhachuu dandeenyu amantiidhaan. Amantoota isaa Hafuura
qulqulluun guutuun ga’ee Waaqayyoo yammuu ta’u, guutama kana fudhachuudhaaf
immoo amantiin dhiyaachuun ga’ee nama guutamuu barbaaduu ti.

E). Cuubamuu Hafuura Qulqulluu wajjin wal qabsiifnee Qabxiilee Ilaaluun Nu irra Jiru.

Isaanis;

Hafaan haaraan dubbachuu

Hafaan haaraan dubbachuun yoo hiika isaa hin beekne maal bu’aa buusa? Gaaffiin jedhu yeroo
baayyee in ka’a. ergamaan Phaawuloos Waldaa Qorontoosiif waa’ee hafaan haaraan dubbachuu
ergaa inni caafe yeroo ilaallu wantota itti aanan hubanna. (1Qor. 14:2-29)

 Hafaan haaraan dubbachuun Waaqayyoo wajjin dhoksaadhaan haasa’uu dha. (14:2)


 Namni Hafaan haaraan dubbatuu ofii isaa jabeessa (14:4)
 Namni Hafaan haaraan dubbatu hafuuraan kadhata (14:14)
 Namni Hafaan haaraan kadhatu namni kennaa hiikuu isaatii qabu akka ka’uuf
kadhachuutu irra jira. (14:13)

Isaan kun hundumtuu bu’aa nama dhuunfaa fi abbama sana kan jabeessanii dha. Namni hafaan
haaraan kadhatu sammuu isaatti waan kadhatu hin beeku yoo ta’e iyyuu hojii hafuuraa waan
ta’eef waan bu’aa hin qabne fakkaatee itti mul’achuu hin qabu. Kanaafii dha Phaawuloos
“Hafaan Haaraan kadhachuu hin dhowwinaa garuu waan hundumtuu hayyaataa fi sabiriidhaan
haa ta’u” kan jedhuuf. (1Qor. 14:39-40). Kanaaf hafaan haaraan kadhachuun bu’aa hafuuraa
guddaa waan qabuuf fedha guddaa qabaachuuniif Gooftaan akka nuuf kennuuf kadhachuun nu
barbaachisa.

65

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Ija Hojii Hafuuraa

Waanti gara biraan amanaan beekuu qabu afaan haaraan dubbachuun jalqaba eebbaat ti malee
dhuma isaa akka hin ta’inii dha. Afaan haaraan dubbachuun qofaa isaa akka jabinaatti ilaalamuu
hin qabu. Akkuma afaan haaraa dheebonnu akkasuma ija ojii hafuuraa godhachuuf hawwuunis
baayyee barbaachisaa ta’uu isaa dagachuun nu irra hin jiru. Kan nuti namoota gooftaaf booji’uu
dandeenyu afaan haaraa dubbachuun utuu hin ta’in jireenya qulla’aa jiraachuudhaan. Egaa iji
hojii hafuuraa kun maal akka ta’e beekuudhaaf Gal. 5:22 dubbisuutu nu irra jira. Phaawuloos kan
inni tarreesse sagal yammuu ta’u yeroo dubbatus ija jechuudhaan tokko tokkoon isaan waama.
Sababni inni akkasitti waamuuf immoo ija hojii hafuuraa tokko yoo qabaanne isa gara biraa
dhabuu waan dandeenyuufii dha. Iji hojii hafuuraa garuu hundumti isaa wal duukaa jireenya
keenya keessatti argamuutu irra jira.

3.3.3.2. Kennaa Hafuura Qulqulluu (Gifts of the Holy Spirit)

Qorataan Macaafa Qulqulluu Pirofeeser Piiter waginer waa’ee kennaa Hafuura Qulqulluu
barumsa inni kennu haa ilaallu.

Kennaan hafuura qulqulluu worra Kiristoos Yesuusitti amananii yaada isaa keessa jiranii
Waaqayyo akka fedha isaatti kan kennuuf yammuu ta’u, akeekni isaas isaan jabeessuuf
kennama.hiika kana irraa kan nuti ilaaluu dandeenyu yaada jajjaboo afur yammuu ta’u, isaanis;

A). kennaan hafuura qulqulluu kan kennamu Kiristiyaanota lammaffaa dhalatanii fi


gedderamanii dha. Kennicha utuu hin fudhatin dura fayyuun isaan barbaachisa.

B). kennichi kan kennamu hafuurri qulqulluun akka barbaade akka jaalala Waaqayyoottimalee
akka filannoo abbaatti miti.

C). kennaan kun kennaa Waaqa irraa tola namaaf kennamu malee yaalii namni ofii isaan godhee
argatu mit.

D). kennaan Hafuura Qulqulluu kan kennamu bu’aa namni dhuunfaan ittiinargatuuf utuu hin
ta’in dhaqna Kiristoos ta’anii itti jabaachuuf gara guutama hafuuraatti ittin guddachuufii dha.

Gosoota Kennaawwan Hafuura Qulqulluu

66

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

A). kennaa Beekumsaa ykn dhoksaa Hubachuu

 Oogummaadhaan dubbachuu (1Qor. 12:8)


 Beekumsa dubbachuu (1Qor. 12:8)
 Hafuurota gargar baasuu (1Qor. 12:9)

B). Kennaawwan Umnaa

 Amantii (1Qor. 12:9)


 Dinqii gochuu (1Qor. 12:9)
 Kennaa hafuuraa (1Qor. 12:9)

C). Kennaawwan Dubbachuu

 Raajii dubbachuu (1Qor. 12:10)


 Afaan haaraan dubbachuu (1Qor. 12:10)
 Afaan hiikuu (1Qor. 12:10)

D). Kennaawwan Tajaajilaa

 Ergamoota (Efe. 4:11, 1Qor.12:28)


 Raajota (Efe. 4:11, 1Qor. 12:28)
 Lallaboota (Efe. 4:11)
 Eegdota (Efe. 4:11)
 Barsiisota *Efe. 4:11, 1Qor. 12:28)

E). kennaawwan Worra kaan

 Gorsuu (Rom. 12:8)


 Arjoomuu (Rom. 12:8)
 Gargaaruu (Rom.12:8)
 Bulchiinsa (Rom. 12:8)
 Barumsa (Rom. 12:8)

Itti gargaarama Kennaa Hafuuraa

67

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Amanaan kam Iyyuu yoo Xinnaate kennaa Tokko qaba

 Kennaa qabnu adda baafachuu fi kennichaan tajaajiluutti jabaachuu (Rom. 12:6, 2Xim.
1:6)
 Waan hundumaa sirnaa fi tasgabbiidhaan gochuu (1Qor.4:27-28, 40)
 Kennaawwan hundumaa akka sagalee Waaqayyootti ta’uu isaanii madaaluu fi yoo
dogoggorri jiraate immoo qajeelchuu (Ke.De. 13:1-4, 1Tas. 5:19-22, 1Phex. 4:11, 1Yoh.
4:1).
 Kennaawwan waaqayyoo tola waan namaaf kennamaniif eenyu iyyuu ittiin kooruun hin
ta’uuf akkuma tola fudhate tola kennuu qaba (2Mot. 5:15-16, Ho.Er. 8:18-20)
 Kennaawwan kan kennamaniif bu’aa dhuunfaaf utuu hin ta’in dhaqna Kiristoos
hundumaaf waan ta’eef worra kaaniifis akka dhimma baasuuf ittiin tajaajiluutu nu irra
jira. (Rom. 12:5-10, 1Qor. 12:14-31)
Boqonnaa 4:- Sadan Tokkummaa (Tirinity)

4.1. Sadan Tokkummaan Maal?

Seenaa waldaa Kiristiyaanaa keessatti wal falmii guddaa kaasaa kan ture waa’ee sadan
tokkummaa ti. “Sadan tokkummaa” kan jedhu macaafa qulqulluu keessatti bakka tokkotti illee
kan hin argamne yammuu ta’uyaadi isaa inni gadi fgoonykn barsiisni isaa garuu bal’inaan
ibsamee jira. Barumsa macaafa qulqulluuf kan gargaaran barumsa baayyee kan fide Tertuuliyaan
nama jedhamu abbaan Waldaa Kiristiyaanaa tokko “sadan tokkummaa” ykn Tirinity jedhe
maqaa moggaase. Sadan tokkummaa kan jedhu macaaf qulqulluu keessa waan hin jirreef
barumsi isaa fudhatama hin qabu jechuu miti. Sababni isaa barumsi isaa macaafa qulqulluu
keessatti akka ta’utti ibsamee waan jiruuf.

Sadan tokkummaan tokko ta’uu sadii ta’uu keessaan kan ibsu yammuu ta’u, macaafni qulqulluun
Waaqayyo tokkichatuu qaama sadii keessa jiraataa jedha. Waaqayyo Waaqa tokkicha qaama
sadii keessa jiraatu Waaqayyo abbaa, Waaqayyo Ilmaa, fi Waaqayyo Hafuura Qulqulluu dha.
Kun dandeettii keenya ishee xinnoodhaan yaalii goonee kan nuti bira geenyu utuu hin ta’in bu’aa
mul’ata addaa ti. Tokkommaan Waaqayyoo amala isaan, Waaqayyummaa isaanii fi jiraachuu
isaan hubatama. Sadii ta’uun isaa immoo maqaa isaa, hojii isaa, fi qaama isaan
hubatama.tokkummaa Waaqayyummaa isaa yammuu ibsu, sadii ta’uun immoo qaama isaa ibsa.

68

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

4.2. Waaqayyo waaqa Tokkicha

Macaafni ququlluun Waaqayyo tokkicha ta’uu isaa ibsa. Waaqayyo Waaqni keenya Waaqayyo
tokkicha. (Ke.De. 4:35, 6:4, 32:39, 2Sam. 22:32, Isa. 37:20, 44:6-8, 45:5-6, Nahi. 9:6, Far. 86:10,
Yoh. 5:44, Rom. 3:29-30, 16:27, 1Qor. 8:4-6, 12:6, Gal. 3:20, Efe. 4:6, 1Xim. 1:17, 2:5, Yaq.
2:19, Yih. 25).

4.3. Waaqayyo Qaama Sadi’iitiin Mul’ateera

Macaafni Qulqulluun Waaqayyo qaama sadi’I keessa akka inni jiraatu dubbata. (Uma. 1:26,
3:22, 11:7, Isa. 6:8, 48:16, Mat. 28:19-20, Luq. 3:21-22, 2Qor. 13:4, 1Phex. 1:1-2).

4.4. Waaqayyo Tokkichas Sad’is

Waaqayyo tokkichas sadi’is yeroo jennu si’a tokkicha qaama sadi’iin battalumattis
Waaqayyummaa tokkichaan kan argamu jechuu dha. (mat. 28:19-20). Sadan tokkummaan
Waaqayyoo kan baraa baraa ti. Baraa baraa kaasee Waaqayyo qaama sad’iin (Abbaa, Ilmaa, fi
Hafuura Qulqulluu) ta’uudhaan mul’ateera. Macaafni Qulqulluun abbaa, ilmi, fi Hafuurri
qulqulluun qaama sad’i akka qaban barsiisa. Kana jechuun;

A). Yesuus Kiristoos Waaqayyoo abbaa jechuu miti ykn Waaqayyo abbaan Yesuus Kiristoos
jechuu miti. (Mat. 11:27, Luq. 10:22, Yoh. 7:29, 8:54-55, Rom. 1:7, gal. 4:4, 1Yoh. 2:1).

B). Yesuus Kiristoos Hafuura Qulqulluu mitii ykn Hafuurri ququlluun Yesuus Kiristoos miti.
(Mat. 28:19-20, Luq. 3:22, Yoh. 14:15-16, 16:7, 16:13-14, 1Yoh. 2:1)

C). Waaqayyo abbaan Hafuura Qulqulluu miti ykn Hafuurri qulqulluun Waaqayyo abbaa miti.
(Yoh. 14:15-16, 15:26, Rom. 8;26-27).

4.5. Waltti Dhufeenya Sadan Tokkummaa Gidduu Jiru

Qaamotni Waaqayyoo sadan neenyummaa Waaqayyoo fi amala isaa qabu, abbaan waaqayyo isa
dhugaa ti, ilmi Waaqayyo isa dhugaa ti, Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo isa dhugaa ti.
Eenyummaa Waaqayyummaa isaanii immoo tokko ta’uu Waaqayyoo kan gargar hiru mit.

69

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Waaqayyo abbaa, waaqayyo ilmaa, fi Waaqayyo Hafuura Qulqulluu gidduu wal-caalmaan ykn
xinnummaan hin jiru.

4.6. Sadan Tokkummaa Ilaalchisee barsiisa Sobaa Jiran

Sadan tokkummaa irratti barsiisni dogoggoraa baayyeen yoo jiraatan iyyuu worra angafoota
ta’an ilaalla.

4.6.1. Barsiisa Worra Ariyoos (Ariansim)

Barsiisa worra Ariiyos kan dhufe Ariyoos kan jedhamu Phaaphaasi worra Iskindir irraa yammuu
ta’u, barsiisaan kun Waaqayyummaa Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Qulqulluu in morma. Yesuus
Kiristoos Waaqayyon kan uumame jechuudhaan Hafuurri Qulqulluun immo umna tochoosu
jechuudhaan sadan tokkummaa Waaqayyoo morma.barsiisa nama kanaa bara har’aa kana worri
dhuga baatota Yahawee jedhaman in deggeru.

4.6.2. Moodelizim (Modelism)

Barsiisonni kun immoo Waaqayyo tokkichumatu yeroo garaa garaa , akkaataa garaa garaan ofii
isaa mul’ise malee sadan tokkummaan hin jiru jedhanii barsiisu. Fkn, yeroo Kakuu Moofaa
keessa ofii isaa Waaqayyo abbaa godhee mul’ise, yeroo Kakuu Haaraa immoo ofii isaa Yesuus
godhee mul’ise, guyyaa ayyaana shantammaffaa immoo hafuura Qulqulluu ta’ee mul’ate malee
Waaqayyo qaama sadii hin qabu jedhanii barsiisu. Akka kanstti waaqayyo tokkichi yeroo garaa
garaatti ofii isaa gegedderee mul’ate jedhanii barsiisu.

Boqonnaa 5:- Hojiidhaan wal-Qabsiisuu

 Waaqyyo Gooftaan qofaa isaa waaqayyon ta’ee, ulfinni kan ta’uuf, kan isa fakkaatu kan
hin jirre, mootii muudamni isa hin barbaachifne, mootii kan isaan olii hin jirree dha.
Ulfina kanaan waamamuun, galateeffamuun, waaqeffamuun, kan ta’uuf gara biraan hin
turee jiraachuus hin danda’u. ulfina uumaa uumamaaf kennuun cubbuu guddaa dha.
(Ba’u. 20:3-6). Waaqayyoon akka Waaqayyummaa isaatti galateeffachuun, ulfeessun,
nuuf ta’a. (Isa. 42:8, Rom. 13:7, Mul. 10:11).
 Yesuus kiristoos utuu biyyi lafaa hin uumamin Waaqayyo abbaa wajjin kan ture umna
waaqayyummaa isaatiinis abbaa isaatii wajjin wal-qixxaatu, waan hundumtuu isaan kan

70

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

ta’ee fi isaan ala oomtuu hin kan hin taame, biyya lafaa fayyisuudhaaf waaqa irraa kan
gadi bu’e, Hafuura Qulqulluudhaan Maariyaam Qulqullooftuu irraa kan dhalate, bara
Plaaxos Pheenxenichaattis kan dhiphate, kan du’e kan awwaalame, guyyaa sadaffaattis
kan du’aa ka’e, gara Waaqaattis kan ol ba’e, gara mirga abbaa isaas kan taa’e, worra
jiranii fi worra du’anitti faraduudhaaf ulfinaan deebi’ee kan dhufu, umnii fi galanni isaa
baraa baraan kan ta’e Gooftaa fayyinaa ti. Kiristiyaanummaa sirriin bu’uurri isaa
Kirsitoos Yesuusii dha. Kanaaf tajaajiltootni Hafuura hundi isaanii bu’uurri isaan
Macaafa qulqulluu yammuu ta’u, giddu galeessi tajaajila isaanii immoo Gooftaa Yesuusii
dha.
 Barri amma keessa jirru bara baayyee rakkisaa akkuma ta’e akkuma kana immoo
Waaqayyo umna Hafuura isaa utuu hin safarin bara inni itti kennuu dha. Kanaaf bara
kana Gooftaa wajjin dabarsuun baayyee murteessaa dha. Hafuura Qulqulluudhaan
cuubamuu (Guutamuu) dhaaf baayyee kadhachuu, gara Yesuus dhuffudhaan garaa
keenya bannee kadhachuu nu barbaachisa. (Yoh. 7:37-39). Akkasuma yaada tokkoon
jabaatanii kadhachuun barbaachisa dha. (Ho.Er. 2:1-4). Akkuma kana immoo ija hojii
Hafuuraa ykn jireenya qajeelinaa jiraachuun in barbaachisa. Namoota booji’uu kan
danda’u afaan haaraa dubbachuu utuu hin ta’in, dargaggootni (amantootni) maatii isaaniif
abbomamuu, amala isaanii keessatti gedderamsi yammuu argamuu fi barumsa ykn hojii
hojjetanitti yammuu isaan jabaatanii firii agarsiisan, akkasumas worri gaa’ela keessa jiran
hidhata ga’elaa isaaniif yammuu amanamoo ta’an, jaalalaa fi ulfina, itti dabalees bakka
hojii isaaniitti jabaatanii hojjechuu yammuu danda’anii dha. Kennaa ayyaanaa keessa
keenya jiru beekuudhaan ittiin bu’aa buusuu qabna. Hundumti isaa garuu sagalee
Waaqayyoo bu’uura kan godhate ta’uu qaba. Macaafni Qulqulluun kennaa Ayyaanaa
akka itti aanutti yammuu nutti himu (Mar. 16:17-18), worri amantootni immoo
qajeelummaa hordofuun akka irra jiru nu barsiisa (Isa. 51:1, 1Xim. 6:11).
 Amantiin Kiristiyaanaa kan hundaa’e sadan tokkummaa irratti. Yoo sadan tokkummaa
irratti hin hundoofne ta’e waa’een fayyina keenyaa shakkisiisaa dha. Kafaaf barumsi
sadan tokkummaatiin akkuma ibsame Waaqayyo abbaan, Waaqayyo ilmi, fi Waaqayyo
Hafuura Qulqulluun Waaqeffamuu qabu.

Gaaffiwwan keessa Deebii Barumsa Sadan Tokkummaa

71

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Soba ykn Dhugaa Jedhii Deebis

1. ______________ Waaqayyo eenyumaa isaatiin, amala isaatiin, abdii kennee fi karoora


isaatiin Waaqa hin gedderamnee fi yaada isaas kan hin gegeddernee dha.
2. ______________ Hafuura Qulqulluun cuubamuun duuka buutota worra duraaniif malee
bara keenya kanatti barbaachisaa miti.
3. ______________ kennaan Hafuura Qulqulluu worra dhaqna Kiristoos ta’anii fi worra
akka yaada Waaqayyootti jiraniif kan kennamu yammuu ta’u, akeekni isaa immoo worra
amanan jabeessuufii dha.
4. _____________ Yseuus Kirsitoof qaama foonii fi qaama Waaqayyummaa yoo qabaate
iyyuu eenyummaa Waaqayyummaa tokkicha qaba.
5. ______________ Waaqayyo Waaqni keenya Waaqa sadi’ii dha.

Gaaffiwwan “A” Jala Jiraniif Deebii Sirrii Worra “B” Jala Jiran Keessaa Filadhu

“A” “B”

6. Amaloota Beekumsaa A). Umna


7. Waaqayyo Dhugaa fi Nama Dhugaa B). Kennaa Fayyisuu
8. Kennaawwan Umnaa C). Raajii dubbachuu
9. El ykn Eloohiim D). Waaqayyoo isa hundumaa danda’u
10. Waaqayyo dhugaa qaamaittiin mul’atu qaba E). Hafuura Qulqulluu

F). Yesuus

F). Beekumsaa fi Oogummaa

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. Yesuus Kiristoos nama dhugaa ta’uu isaa waantota nuuf mirkaneessan keessa
A). Maariyaam durba irraa dhalachuu isaa
B). Akkuma nama kamii foon, lubbuu, fi hafuura qabachuu isaa
C). Maqaa namni qabu qabaachuu isaaa
D). Hunduu deebii dha

72

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

12. Amalootni Waaqayyo namaaf hinhirree fi namani karaa kamiin iyyuu argachuu hin

dandeenye worra kam?

A). Waaqayyo Hundumaa kan beeku ta’uu isaa (Ominicient)

B). Waaqayyo yeroodhaa fi iddoodhaan kan hin daangeffamne ta’uu isaa (Omnipresence)

C). Waaqayyo hundumaa kan danda’u ta’uu isaa (Omnipotent)

D). Hunduu deebii dha

13. Maqaawwan Hafuurri qulqulluun ittiin waamamu jalatti kan ramadaman worr kam?

A). Hafuura Ayyaanaa B). Jajjabeessaa

C). Hafuura Qulqullummaa D). Hunduu deebii dha

14. Barumsi Waa’ee Sadan tokkummaaf bu’uura macaafa qulqulluu qabu isa kam?

A). Waaqayyo waaqni keenya Waaqayyo tokkicha

B). Macaafni qulqulluun Waaqayyo qaama sadi’iin akka jiraatu barsiisa

C). Qaamotni sadan tokkummaa hundi isaanii eenyummaa Waaqayyoo qabu

D). \hunduu deebii dha

15. Hjii Waaqayyoo keessaa kan hin ta’in kam?

A). Uumuu B). Cubbuu jalaa du’uu

C). Akeekuu D). Eeguu ykn kununsuu

16. Waaqayyumma Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu kan morman Yesuus Kiristoos waaqayyo
abbaatiin uumame, akkasumas Hafuura Qulqulluunn umna socho’uu dha jechuudhaan sadan
tokkummaa kan morman maal jedhamu?

A). Worra barumsa aariyoosiin hordofan B). Worra barumsa Moodelismii hordofan

73

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

C). worra barumsa Homuyoosiiyoosiin hordofan D). Worra Walitti makamuu hordofan

17. Kennawwan Tajaajilaa Keessaa kan Hin Ta’in Kam?

A). Ergamoota ta’uu B). Raajota

C). Daaqonoota D). Hojjettota Wangeelaa

18. fakkeenyota Hafuurri qulqulluun Ittiin Mul’ate Keessaa Kan Hin Ta’in Kam?

A). Billaa gara lamaan qaramaa B). Bubbee/Qilleensa

C). Zayitii/Dibata D). Hurrii

Gaaffiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni?

19. Sadan tokkummaan Maal? Waa’ee Sadan Tokkummaaf Waan HubattanIbsaa.

20. Yesuus Kiristoos Waaqayyo dhugaa fi nama dhugaadha yeroo jennu maal jechuu keenya?
Ykn Hafuurri qulqulluun qaama kan qabu Waaqayyo dhugaa dha yeroo jennu maal jechuu
keenya? Lachanuu isaa keessa gaaffii tokko filadhaatii barreessaa.

Barumsa 4:- Barusa Waa’ee Waldaa Kiristiyaanaa

Boqonnaa 1:- Hiika Waldaa Kiristiyaanaa

Waldaa Kiristiyaanaa Kakuu Haaraa jecha Girikootaan “Ekeleeshiaa” jedhu bu’uura kan godhate
yammuu ta’u, jecha lama irraa kan maddee dha. “Eke” “gartuu ta’e keessaa kan ba’e” jechuu
yammuu ta’u, “Kalu’oo” jechuun immoo “akeeka tokkoof waamamuu” jechuu dha. Kanaaf
Ekeleeshiaa kan jedhamu hiiki hafuuraa isaaa hojii fayyinaa Gooftaa Yesuus fannoo irratti
hojjeteen cubbuu isaaniitti dhiiga isaan miiccatanii xuraa’ummaa biyya lafaa irraa kan adda
ba’anii fi isa duukaa bu’anii isa waaqessuuf kan waamaman walitti qabama amantootaa ti.
(1Phex. 2:9). Ekeleeshiaan (Ecclesia) hiiki isaa inni kallattiin walitti qabama kan agarsiisuu dha
malee galma wal-ga’ii ykn ijaarasa isaa miti. Waldaan Kiristiyaanaa roga lama akka qabdu
sagaleen Waaqayyoo nu barsiisa.

74

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

1.1. Waldaa Hunda Walitti qabattu (univesal Church)

Waldaan hunda walitti qabattu ykn maqaa gara biraan Waldaa ishee ijaan hin argamne jedhamtee
waamamti. Maqaan kun kan inni agarsiisu amantoota bara hundumaa keessa turan yammuu ta’u,
mandaraa fi naannoodhaan kan hin daangeffamnee fi Waaqayyo qofaa biratti kan beekamte
walitti qabama amantoota biyya lafaa hundumaa irra jiranii dha. (Mat. 16:18, 1Qor. 12:28, 15:9,
Efe. 1”22-23, Qol. 1:18).

1.2. Waldaa
Amantootaa ykn Axibiyaa (local Congregation)

Amantootni naannoo tokko jiraatan waliin ta’anii iddoo Waaqeffanna, bakka kadhataa fi
tokkummaa lafatti godhatan yammuu taatu, maqaa biraan Waldaa ishee argamtu jedhamtee
beekamti. Waldaan amantootaa amantootni tokkummaadhaan lafa isaan itti walitti qabaman,
iddoo itti tajaajilamanii fi geggeesitoota mataa isheetii kan qabduu dha. Bakka tokkotti kan
murtoofte taatee keessa isheetti amantoota qalbii jijjiiratanii fayyanii fi worra qalbii
jijjiirannaamalee Waldaa keessa jiraatan qabachuu dandeessi. (Ho.Er. 11:22, 13:1, 1Qor. 4:17,
2Qor. 11:8, 1Tas. 1:1, Mul. 1:4).

Boqonnaa 2:- Akkaataa Jalqabbii Waldaa Kiristiyaanaa

Yesuus Kiristoos erga du’a mo’ee ka’ee booda gara Waaqaatti ol ba’e. )Ho.Er. 1:9). Erga inni ol
ba’ee booda immoo akkuma inni abdii kennetti Hafuurri Qulqulluun gara biyya lafaa dhufe.
(yoh. 14:16, Ho.Er. 2:1-4). Akkuma abdii Yesuus Kiristoos kennetti Hafuurri qulqulluun gaafa
guyyaa shantammaffaa yeroo iini bu’u Waldaan Kiristiyaanaa dhagaa gati jabeessa isa ta’e
Kiristoosii irratti hundoofte. Hundeen Waldaa Kiristiyaanaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoosii dha.
(1qor. 15:14, Efe. 1:20-21). Yesuus waldaan Kiristiyaanaa ayyana guyyaa shantammaaffaa dura
akka hin hundaa’inii fi gara fuula duraatti akka hundooftu dubbateera. (mat. 16:18).

2.1. Hundee ykn Abbaa Waldaa Kiristiyaanaa

75

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Akkuma gararraatti ibsame hundeen Waldaa Kiristiyaanaa Gooftaa Yesuusii dha. (Mat. 18:18,
Ho.Er. 20:28). “Waldaa Kiristiyaanaa Isa Gooftaan dhiiga isaatiin bitate…” kanaaf Waldaa
Kiristiyaanaa kan namoota dhuunfaa utuu hin ta’in kan Kiristoos Yesuusii ti. Itti dabalees
waldaan Kiristiyaanaa hundee barsiisa raajotaa fi ergamootaa irratti. (Efe. 2:20-22). Barsiis
ergamootaa Waa’e du’uu fi du’aa ka’uu, akkasumas waa’ee gara waaqaatti ol ba’uu Gooftaa ti.
Waldaan Kiristiyaanaa bara 200 fuula dura yeroo tokko hundoofteetti. Hundeen haaraa ka’amu
tokko hin jiru hundeen tokkichi ishee dhaabe Yesuus Kiristoosii dha. (1Qor. 3:11). Waldaan
Kiristiyaanaa chaappeffamtee kan mallatteeffamte dhiiga Kiristoos Yesuusiin. Inni dhiiga isaan
ishee bitate, kan isaa ishee godhate. Kanaaf tajaajiltootni isaa maal jedhamu? Abbaa qabeenyaa
utuu hin worra galfatni itti kennamee dha. (mat. 25:14-30, 1Qor. 9:17, 1Tas. 2:4, 2Xim. 2:2)

Boqonnaa 3:- Moggaafama Waldaan Kiristiyaanaa Itti Fakkeeffamte

Dhaqna Kiristoos (1Qor. 12:12-17, Efe. 1:23).Maatiit Waaqayyoo (Rom. 8:14-17, Efe. 2:19).
Mana Qulqullummaa Waaqayyoo (1Qor. 3:16-17), 2Qor. 6:16), Waldaa Waaqayyoo (Ho.Er.
20:28, 1Xim. 3:5). Mana Waaqayyoo (1Qor. 3:9, Efe. 4:12, 1Phex. 2:5). Misirroo Kirsitoos
(2Qor. 11:2). Uumama Haaraa (2Qor. 5:17). Damee (Yoh. 15:1-2). Hoolota (Yoh. 10:16, Ib.
13:20).

Boqonnaa 4:- Mallattoo Waldaa Kiristiyaanaa Dhugaadhaan Geggeeffamtuu

Waldaan Kiristiyaanaa Dhugaadhaan geggeeffamtu mallattoolee afur qabdi.

4.1. Tokkummaa

Namootni Waldaa Kiristiyaanaa keessatti walitti qabaman bakka garaa garaatii kan dhufan,
ilaalcha garaa garaa kan qaban,gosa garaa garaa keessaa kan dhufan, beekums garaa garaa kan
qaban, qabeenya garaa garaa kan qaban, akkaataa guddinaa fi amala garaa garaa kan qabanii dha.
Haa ta’u immoo malee dhiiga Kiristoosiin tokko ta’aniiru. Yeroo dhiiga kiristoosiin bitamnu kan
nuti ittiin beekamnu isaan malee eenyummaa keenya nuti of duubaa qabnuun miti. (Yoh. 17: 22-
23), Rom. 12:5, Efe. 4:3, 1Qor. 12:13, 2qor. 12:2, Mul. 5:9-10)

4.2. Qulqullummaa

76

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Waldaan Kiristiyaanaa utuuma biyya lafaa keessa jirtuu biyya lafaatti kan gargar baatee dha.
Kanaaf amantootni ishee jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti cubbuu irraa fagaachuudhaan
jireenya qulqullummaatti jiraachuu, mana isaanii fi naannoo isaaniitti dhuga baatota Kiristoos
ta’uutu irra jira. (Yoh. 17:14-18, Rom. 12:2, 1Tas. 4:3-5, 1Phex. 1:15-16, 1Yoh. 2:15-17).

4.3. Barsiisa Dhugaa Qabaachuu

Macaafni Qulqulluun burqaa fi bu’uura ergaa keenyaa ti. Kanaaf namootni itti lallabnu
dhaggeeffachuu kan qabu barsiisa namni ofii isaaf yaadee qopheessuu utuu hin ta’in ergaa
Gooftaa Yesuusii fi ergamootni dabarsan ta’uu qaba. Waldaan Kiristiyaannaa dhugaan kan
isheen ittiin beekamtu sagalee Waaqayyoo isa dhugaa lallabuu fi jireenya dhugaa jiraachuun
ta’uu qaba. (Yoh. 6:45, 1Qor. 1:22-23, 1Xim. 4:16, 2Xim. 1:13, 2Xim. 4:1-4, Tit. 2:1)

4.4. Macaafa Qulqulluu/Barumsa Ergamootaaa Bu’ureeffachuu

Waldaan Kiristiyaanaa barumsa ergamootaa fi amantii isaanii yoo fudhatte Waldaa Kiristiyaanaa
ergamootaa jedhamti. Waldaa ta’uuf barumsa ergamootni Kakuu Haaraa barsiisan
bu’ureeffachuu qabdi. (Ho.Er. 2:42, Efe. 2:20). Waldaan Kiristiyaanaa barumsa ergamootaa
irratti hundoofte namoota gara Kiristoositti kan waamtuu fi worra gara isaa dhufan immoo
barumsa macaafa qulqulluutiin barsiiftee duuka buutuu Kiristoos kan gootuu dha (Mat. 28:19-20,
Ho.Er. 6:7). Walumaa galatti Waldaa sagaleen Waaqayyoo (Macaafni Qulqulluu) abbaa haboo
isa ol aanaa ta’e Waldaa dhugaadhaan geggeeffamtuu dha. Kanaaf immoo bu’uurri tajaajila ishee
hundumaa Macaafa qulqulluu ta’ee giddu galeessi ishee immoo Yesuus Kiristoos ta’uu qaba.

Boqonnaa 5:- Itti Gaafatama Waldaa Kiristiyaanaa

Wladaa Kiristiyaanaa kan isheen hundoofte akeeka Waaqayyootiin. Kanaaf biyya lafaa irra
jiraachuun ishee akeeka Waaqayyoo ilmaan namaa gidduutti hojii irra oolchuuf. Itti gaafatama
Waldaa Kiristiyaanaa keessaa worri ol aanoonworra itti aananii dha.

5.1. Wangeela Bal’isuu fi duuka buutota gochuu

Yesuus Kiristoos tajaajila isaa raawwatee gara abbaa isaatti utuu hin deebi’in ergamoota isaatti
adaraa Wangeelaa itti kenne. (Mat. 28:19-20). Waldaan Kiristiyaanaa ergama isa guddaa
galmaan ga’uudhaaf itti gaafatama qabdi. (2Qor. 5:19-20). Tokkoon tokoo amanaa waa’ee

77

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Yesuus Kiristoos dhugaa ba’uudhaan ergama isaa raawwachuu qaba. (Mar. 16:15, Ho.Er. 1:8).
Wangeela Lallabuun adaaraa fi ajaja Gooftaa Yesuusii ti. Namni Yesuusiin jaallatu hundinuu
hojii irra oolchuu qaba. (Yoh. 14:15-16). Akeekni Waldaa Kiristiyaanaa inni gara biraan immoo
worra wangeelli itti lallabamee qaama Kiristoos ta’an amantoota dhugaa duuka buutuu Kiristoos
gochuudhaan gara guutama isa dhugaatti geessuu dha. (yoh. 15:16, Ho.Er. 2:41-42, 18:24-28,
Efe. 4:11-13, qol. 1;28, 1Phex. 5:2).

5.2. Amantoota Jabeessuu (Guddina Hafuuraa)

Amantootni akka bu’aa dhagna tokkootti walitti dhufeenya gargar hin cinne akka jiraatu
gochuudhaan amantootni walii isaanii akka jabeessan gochuu qabdi. Amantootni karaa garaa
garaa kennaa ayyaanaa isaan keessa jiruun, sagalee Waaqayyoon, kadhataa fi jaalalaan wal
jajjabeessuu qabu (Ho.Er. 9:31, Rom. 1:11-12, 1Qor. 14:26, 1Tas. 5:11).

5.3. Waaqeffannaa

Amantootni lammaffaa dhalatan hundi hojiin isaanii inni ol aanaan Waaqayyoon waaqeffachuu,
isa weeddisuu fi galateeffachuu dha (1Phex. 2:9-10). Kakuu Haaraa keessatti gosa waaqeffannaa
baayyeetu jira. Fkn; Waldaa Kiristiyaanaa keessatti tokkummaan walitti dhufanii
kadhannaadhaa, farfannaadhaan, Waaqayyoon galateeffachuun waaqeffannaa jedhama. (Far.
47:1, 2Se. Ba. 29”28, Mat. 26:30, Ho.Er. 4;31). Worra rakkatan gargaaruun waaqeffannaa dha.
(Yaq. 1:27). Horii hojii Gooftaatiif kennuun waaqeffannaa dha. (Mat. 6:19-21, Luq. 12:33, 2Qor.
8:1-9). Mataa ofii qulqullummaatti eeggachuun waaqeffanna dha (Rom. 12:1). Isaan kun hundi
qaama waaqeffannaa ti.

5.4. Taajila Maatii

Itti gaafatamni Waldaa Waaqayyoo inni gara biraan wangeela jechaan lallabuu irra darbee waan
namootaaf barbaachisu gochuufii dha (Mat. 5:16). Yeroo hawaasa keessa qajeelummaan badu,
yeroo gatii fudhatanii murtoo jallisan akka Waldaa Kiristiyaanaatti ittiin mormuunii fi sagalee
dhageessissun ishee irra jira. (Ba’u. 22:22, Ke.De. 24:14-15, Isa. 1:17, Erm. 22:3, Miki. 6:8, fak.
31:8-9, Mat. 7:12). Ijoollee abbaa fi haadha hin qabne, haadhoolii iyyeessaa waantota bu’uuraa
isaan barbaachisaniif Waldaan Kiristiyaanaa harka ishee diriirsuu qabdi. (Ke.De. 15:7-8, Fak.
28:27, Gal. 2:10, Yaq. 2:2-9, 1Yoh. 3:17-18).

78

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Boqonnaa 6:- Sirna Waldaa Kiristiyaanaa

Sirnoonni Yesuus Kiristoos Waldaa Kiristiyaanaaf kenne Jiru. Isaan kan keessaa worri ol
aanoon, sirna cuuphaa fi sirna Kennaa qulqulluu (Irbaata Gooftaa) ti.

6.1. Sirna Cuuphaa Qulqulluu

Bu’uurri jecha cuuphaa jedhuu “baptiizoo” kan jedhu jecha Girikootaa yammuu ta’u hiiki isaa
“dhuubuu” ykn “keessa gadi liccisuu” jedhuu dha. Macaafa qulqulluu keessa gosoota cuuphaa
garaa garaatu jira. (Ib. 6:1-2) fkn; cuuphaa Yohaannis (Luq. 3:3-6). Yeroo Hafuurri qulqulluun
qaama Yesuus nu gochuuf nu cuubu (1Qor. 13:13, Efe. 4:4-5). Yeroo Yesuus Hafuura
Qulqulluudhaan nu cuubu (Mat. 3:11, Ho.Er. 1:5, 2:4). Cuuphaa dhiphinaa (Mat. 20:22-23, Luq.
12:50).

6.1.1. Cuuphaa Bishaanii

Cuuphaan kun isa Yesuus Amantootni hundi akka fudhatan ajaje yammuu ta’u akka cuuphaa
Yohaannis dhiifama cubbuuf kan godhamuu utuu hin ta’in qalbii jijjiirratanii worri lammaffaa
dhalatan hundi gochuun kan irra jiruu dha. (Ho.Er. 2:41, 8:12, 36-37, 9:18

6.1.2. Akeeka Cuuphaa Bishaanii

A). Cuuphaan bishaanii mallattoo jireenyi namaa inni moofaan du’ee Kiristoosii wajjin jireenya
isa haaratti jiraachuu ti. (Rom. 6:3-5, Qol. 2:12)

B). Cuuphaan bishaanii Amanaan Kiristoositti amanuu isaa kan inni itti ifatti beeksisuu fi waa’ee
fayyina kanaas kan inni itti dhugaa ba’uu dha. (Gal. 3:26-27)

C). Cuuphaan bishaanii karaa ittiin namni dhagna Kiristoos ta’uu isaa mul’isuu fi karaa inni ittiin
gara tokkummaa Kiristoositti galuu dha. (Ho. Er. 2:41)

D). Cuuphaan bishaanii ajaja Kiristoosii fi sirna qajeelummaa waan ta’eef amanaan
cuubamuudhaan Yesuus Kiristoosiif akka abboomamu karaan ittiin mul’isuu dha. (Mat. 6:3-5,
Qol. 2:12).

79

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

6.1.3. Eenyuutu Cuubamuu Qaba

Cuuphaa bishaaniin namni cuubamuu qabu nama Yesuus Kiristoosiin fayyisaa lubbuu isaatii
godhatee itti amanee fi nama amantiidhaan fayye qofaa dha. Maatii Waaqayyootti
dabalamuudhaaf lammaffaa dhalachuu barbaachisa. Lammaffaa dhalachuun immoo kennaa
Yesuusiin kennamee dha. Cuuphaan karaa ittiin tokkummaa Yesuusitti dabalaman waan ta’eef
sirna kana kan raawwatu nama Kiristoosii wajjin tokkummaa qabu qofaa dha. Itti dabalees
amanuu fi hubachuu yeroo itti danda’an daangaa umurii keessatti kan ta’uu fi worra Gooftaatti
aman qofaatu cuuphaa kana geggeessuu danda’a. cuuphamuunis erga amananii kan ta’u malee
amantii dura kan deemu miti. (Mar. 16:15-16, Ho.Er. 2:41-42, 8:12-13, 8:26-40, 9:18, 10:44-48,
16:14-15, 28:34, 18:8).

6.1.4. Eenyutu Cuubuu Qaba

Cuuphaa bishaanii cuubuu kan danda’u tajaajiltoota Waldaan Kiristiyaanaa haboo kenniteef
qofaa dha malee fedha ofii keenyaan cuubuu hin dandeenyu. (Ho.Er. 8:36-38, 9:17-18).

6.1.5. Maqaa Eenyuun Cuubamuu qabna

Akka bu’uura Maatiyoos boq. 28:18-20 sirni cuuphaa bishaanii kun kan inni ittiin raawwatamu
maqaa abbaa, kan ilmaa, fi kan Hafuura Qulqulluutti bishaan keessa cuubuudhaan ta’a. (Mat.
3:13-17, Yoh. 3:23, Ho.Er. 8:36-37, Rom. 6:3-5, Qol. 2:12)

6.1.6. Cuubamuun Fayyina Keenyaaf Bu’aa Maalii Qaba?

Dhaabilee amantii tokko tokko keessatti cuuphaan fayyifuuf, qulleessuu fi jireenya baraa baraa
kennuuf umna akka qabu barsiisu. Kun garuu deggersa macaafa qulqulluu hin qabu. Cuuphaan
sirna hojii hafuuraa ti malee karaa ittiin fayyan (Jireenya baraa baraa) argatan miti. (Luq. 23:39-
43, Yoh. 3:16, Ho.Er. 16”30-31, 1Qr. 1:13-17, Efe. 2:8-9).

6.2. Irbaata Gooftaa (Kennaa Qulqulluu)

80

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Irbaatni Gooftaa aarsaa jireenya Gooftaan keenya yesuus godhe kan agarsiisu yammuu ta’u,
sirna jireenyaa fi du’a Gooftaa yaadachiisuu dha. Sirna kana irraa hirmaachuun kan ta’uufis
worra Gooftaatti amananii fayyan qofaa dha.(Luq. 22:19-20, 1Qor. 10:16-17, 11:23-31)

6.2.1. Akeeka Irbaata Gooftaa ykn Kennaa qulqulluu

A). Gatii Gooftaan nuuf baase ittiin yaadachuuf, Hibistiin dhaqna Kiristoos isa nuuf dhiphatee fi
nuuf du’e kan agarsiisu yammuu ta’u, Wayiniin immoo dhiiga isaa isa cubbuu keenyaaf
dhangal’e agarsiisa. Kanaaf yeroo Irbaata Gooftaa fudhannu nuuf jedhee gatii inni baasee fi
jalala isaa akka yaadannu nu hubachiisa. (Luq. 22:19, Yoh. 3:14-18, 1Yoh. 4:9-10, 1Qor. 11:25)

B). Dhuga baatota isaa akka taane ittiin yaadachuuf. Waldaa kiristiyaanaa ergaa isa guddaa
galmaan ga’uudhaaf itti gaafatamummaan itti kennameera. Kanaaf yeroo Irbaata Gooftaa
fudhannu dhuga baatota ta’uu keenya kan ittiin yaadannuu dha. Amma Gooftaan deebi’ee
dhufuttis du’aa fi du’aa ka’uu isaaf dhuga baatota taana (1Qor. 11:26)

C). Tokkummaa keenya ittiin jabeeffachuuf:- dhaqna Kiristoos akka taanuuf sanyii fi afaan irraa
nu bitatee tokko waan nu godhateef tokko ta’uu keenya ittiin mul’ifna. (1Qor. 10:17).

D). Deebi’ee dhufuu isaa ittiin yaadachuuf:- akka Gooftaan lammaffaa deebi’ee dhufu yaadachaa
abdii keenya qajeelchinee yaadachaa qajeelummaadhaan jiraachuudhaan deebi’ee dhufuu isaaf
of qopheessina. (1Qor. 11:26).

6.2.2. Irbaata Gooftaa Eenyutu Fudhata

Amanaan tokko Gooftaa Yesuusiin fayyisaa lubbuu isaatii godhatee erga itti amanee fi cuuphaa
bishaanii erga fudhatee booda yoo fudhate filatama. Sababni isaa waa’ee fayyinaa fi waa’ee
irbaata Gooftaa beekumsa ga’aa utuu hin argatin fudhachuun irra hin jiru. Waa’ee Irbaata
Gooftaa sirriitti hubachuu fi jireenya isaa waantota isa xureessan irraa dhiiga Kiristoosiin
miiccatee cubbuu ija jabummaa keessas kan hin deddeebine ta’uu qaba. (1Qor. 10:16-17, 11:27-
31)

6.2.3. . Irbaata Gooftaa Yoom Fudhachuutu Nuuf Ta’a?

81

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Akka 1Qor. 11:27-31 irratti ilaallutti Irbaata gooftaa yaadannoodhaaf akka fudhannu nu barsiisa
malee yeroo dhaabbataa akkasiitti kan jedhu hin kennamne. Torbanitti, ji’atti ji’a sadi’itti ykn
akka mijatetti fudhachuun in danda’ama.

6.2.4. Irbaatni Gooftaa Jireenya Baraa Baraa argamsiisuu In Danda’aa?

Irbaatni Gooftaa cubbuuttii fayyisuu ykn jireenya baraa baraa kennuuf umnas dandeettiis hin
qabu. Irbaatni Gooftaa aarsaa Gooftaan baase ittiin yaadachuuf kan fudhannu sirna Hafuuraa ti
amlee ittiin fayyuuf sirna nuti raawwannu miti. (Mar. 14:17-25, gal. 2:16)

6.3. Sirnoota Garaa Garaa

Cuuphaa Qulqulluu fi Irbaata Gooftaatti dabalatee Waldaan Kiristiyaanaa sirnoota garaa garaa
geggeesiti. Isaanis;

6.3.1. Sirna Ijoollota Gara Gooftaatti Fiduu

Waldaa Kiristiyaanaa ijoolleen kennaa Waaqayyoo ta’uu isaanii amanti. (Far. 127:3). Kanaaf
maatiin ijoollota isaanii fuula Amantootaa duratti fidanii Waldaan Kiristiyaanaa immoo maatii fi
ijoollee isaanii eebbifti. Sirna maatiiwwan ijoollee isaanii akka dubbii Waaqayyootti foonii fi
hafuuraaf waan isaan barbaachisu guutaniif guddisuudhaaf kakuu galalii dha. (1Sam. 1:25-28,
Mat. 19:14, Mar. 10:13-16, Luq. 2:27-28). Ijoollon Gooftaaf kennamaniiru jechuun bara isaanii
hundaa mana Waaqayyoo keessa jiraatu jechuu miti. Bara isaanii guutuu mana Waaqayyoo
keessa akka jiraataniif Waldaan Kiristiyaanaa fi maatiin hordoffii hafuuraa gargar hin cinnee
gochuufii qabdi. (Ke.De. 6:7, fakk. 22:6, Efe. 6:1-4).

6.3.2. Sirna Gaaa’elaa

Waldaan kiristoos gaa’elli isheen geggeessitu saala garaa garaa lama (dhiiraa fi dubartii)
akkasumas worra Gooftaatti amananii lammaffaa dhalatan gidduutti akka jaalala Waaqayyootti
utuu gargar hi ba’in wal-jaallachuu fi wal-gargaaruun waliiwajjin jiraachuuf yeroo isaan
murteessanii dha. Waldaan Kiristiyaanaa yaada isaanii erga qulqulleessuudhaan kakuu galchitee
fuula Waldaa amantootaa duratti sirna isaa raawwatti (Uma. 2:18-25, Mar. 10:2-12, Efe. 5:23-
33). Worri wal fuudhan amma guuyyaa ga’ela isaaniitti jireenya qul’aa fi eeggannaa qabu
jiraachuu qabu. Yeroo kaadhimamummaa isaanicubbuutti yoo kufan (ejjatti yoo kufan) Waldaan

82

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

kiristiyaanaa iddoo aarsaattis ta’e hoteelatti ykn waajjiratti sirna gaa’elaa hin raawwattu.
Kiristiyaana ta’anii worra wal fuudhan keessaa tokko kan hiike yoo ta’e Waldaan kiristiyaanaa
sirna gaa’elaa hin raawwattuMacaafni qulqulluun gaa’elli gaarii fi ciisichi isaas kan qulqullaa’e
ta’uu isaa (Ibr. 13:4) haa ta’u jedha. Kanaaf Waldaa kiristiyaanaa qajeelummaa fi
qulqullummaatti worra jiraatanii wal fuudhaniif qofa Amantoota duratti sirna kakuu isaanii
raawwattiif.

6.3.3. Sirna Awwaalchaa

Namoota worra Gooftaatti amananii obbaafatan Waldaan Kiristiyaanaa bakka amantoota ishee
itti awwaallachuudhaaf kennameefitti sirnaan awwalcha isaanii geggeessiti. (Ho.Er. 8:2).

6.3.4. Sirna Kennaa Qabeenyaa

Waaqayyo sabni isaa qabeenya tajaajila mana isaatiif barbaachisu akka fidan abboomeera (Mil.
3:8-10, Rom. 12:8, 2Qor. 9:6-7). Qabeenya Waaqayyo nuuf kenne keessaa deebifnee mana isaaf
kennuun Waaqeffannaa ta’uu isaatti dabalataan abboommii Gooftaa dha.

Qabeenya keenya Waaqayyoof yeroo kenninu waantota itti aanan hubachuu nu barbaachisa.

 Amantootni qabeenya isaanii Waaqayyoof kennuu dura jireenya isaanii arsaa qul’aa
gochuudhaan dhiyeessuufii qabu (Rom. 12:12, 2Qor. 8:5). Yoo ta’uu baate Waaqayyo
inni yaada garaa namaa gadi fageessee beeku kennaan qabeenyaa sun nama jireenya isaa
Waaqayyoof hin kennin irraa kennamaafii akka jiru waan beekuuf kennaan sun akka inni
waa’ee baasutti hin fudhatu. Kennuu dura of kennuutu barbaachisa waan taa’eef.
 Yeroo kenninu gammachuudhaan of irraa buunee kennuu qabna (Luq. 6:38, 2Qor. 9:7).
 Kennuu dhiisuun abboommii Waaqayyoo irra duarbuu fi abboomamuu diduu akka ta’e
hubachuu (Mil. 3:8-10, Aagee. 1:3-11).
 Waaqayyo worra jaalalaan qabeenya isaanii kennaniif eebba akka kennu kakuu galuu isaa
hubachuun barbaachisaa dha (Mil. 3:10, Luq. 6:38, 2Qor. 9:6, Fil. 4:19).
 Qabeenyi cubbuudhaa fi saamichaan dhufee kennamu Waaqayyo biratti gatii hin qabu
(Mil. 1:13-14).

6.3.5. Akaakuu Kennaawwanii

83

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

6.3.5.1. Kurnoo:- kurnoo jechuun qabeenya argannu harka dhibba keessaa kudhan ykn harka
kudhan keessaa tokko Waaqayyoof deebifnee kennuu jechuu dha (Lew. 27:30-32). Kennaa kana
Waldaa miseensa itti taanetti kennuuf dirqama qabna. Bara Kakuu Moofaatti Isiraa’elootni
kurnoo isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyoo isaaniitti geessaa turan (Ke.De. 12:5-7).
Kakuu Haaraa keessatti immoo Waldaa Amantootaa miseensa itti ta’anitti kan kennamu (Luq.
11:42). Kurnoon manoota dhunfaaf ykn tajaajiltootaaf hin kennamu. Kurnoo gara Waldaatti
geessuu dhiisuunis Waaqayyoon hatuutti lakka’ama. (Mil. 3:8-9, Zak. 5:3). Kanaaf amantootni
hundi kurnoon Waaqayyoof akka kennamu hubatanii amanamummaadhaan Waldaa Amantoota
isaaniitti geessuutu isaan irraa eegama.

6.3.5.2. Kennaa Angafaa:- angafa jechuun waan argatan hundumaa keessaa isa angafa
Waaqayyoof kan qulqulla’e godhanii dhiyeessuufii jechuu dha. (Ke.De. 12:17). Kannaa kana
Waldaa itti miseensa taanetti ykn Waldaa kan biraattis geessinee kennuu dhandeenya.

6.3.5.3. Kennaa Jaalalaa:- kennaan kun kennaa kurnoo fi kennaa angafaattii addaan baafnee
kennaanuti wangeela bal’isuuf ykn tajaajiltoota hojii wangeelaa hojjetaniif kenninuu dha.
Rakkina mana Waaqayyoo keessatti mul’ataniif ykn yaada waldaan Kiristiyaanaa yeroo yerootti
barbaachisaa dha jettee kaaftuuf; fkn; kan akka Mana Waldaa ijaaruu, kiraa manaa kaffaluu,
meeshaalee garaa garaa bituu fi kkf kennuu dha. *Ba’u. 25:1-8, 1Sen. 29:1-3).

6.3.5.4. Buusii:- yeroo mana Waaqayyoo keessatti walitti qabamanu kennaa nuti kenninuu dha.
Kennaan kun kurnoo ykn kennaa angafaa miti. *Ba’u. 25:2, Lew. 1:2, Mat. 5:23). Kanaaf
amantootni harka qullaa gara Waldaa Kiristiyaanaa dhaquun sirrii akka hin ta’in
hubachuudhaann kennaa buusii isaanii akka akka dandeettii isaaniitti qabatanii gara Mana
Waaqayyoo dhaquutu irraa eegama

6.3.5.5. Kennaa Worra RakkataniifJecha Waldaatti Fidamu:- kennaan kun worra asiin olitti
xuqaman irraa adda kan isa taasisu amantootni worri rakkatan akka ittiin gargaaramaniif
waldaatti fidama malee hojii inni kaan Waldaa keessatti akka ittiin hojjetamuuf kan fidamu miti.
Kanaaf amantootni akka Waaqayyo isaaniif kennetti worra rakkatan gargaaruudhaaf itti dabalees
namoota hin amaniin gargaaruudhaaf Waldaatti fiduutu irraa eegama. (Gal. 6:10). Akka Waldaan
Kiristiyaanaa worra rakkatan gargaaraa turte seenaa ishee irraa hubachuun in danda’ama. (Ho.Er.
6:1-3, Gal. 2:10).

84

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Boqonnaa 7:- Haboo Waldaa Kiristiyaanaa

Waldaan Kiristiyaanaa dhaqna Kiristoos yammuu taatu mataan ishees Gooftichuma Kiristoosii
dha. Kanaaf mootummaa isa mataa ishee ta’ee mootummaa Kiristoos bal’isuudhaaf haboon
kennameeraaf. (Efe. 1:22-23, Qol. 2:10).

7.1. Haboo Waldaa Kiristiyaanaa

Waldaan Kiritiyaanaa biyya lafaa irratti akka baballattuuf Waldaa koon ijaara haboon du’aas
ishee hin danda’u (Mat. 16:18) inni jedhe Gooftaan Yesuus Kiristoos hanga daarii lafaatti
Wangeela isaa fudhattee akka deemtuuf ergamaa, haboo, fi bantuu itti kenneedukkana irratti
ibsuudhaafis habaa kenneeraaf. Burqaan haboo kanaa immoo Yesuus Naaziricha isa du’ee du’a
mo’ee ka’ee dha.

7.2. Haboo Garaa Garaa Waldaa Kiristiyaanaa Qabdu

Haboowwan waldaa Kiristiyaanaa waantota itti aanan hammata;

A). Haboo Walngeela Amma Handaara Lafaatti Lallabuu (Mat. 28:18-20, Yoh. 20:21, Ho.Er.
4:7-12).

B). hojii fi Ergama Seexanaa fi Ergamoota isaa diiguu dha (Mat. 10:1, Luq. 9:1, Efe. 6:12)

C). Amantootni Ishee Jireenya Qulqullummaa Akka Jiraatanaiif Habuu Eeguu Qabdi. Kana
gochuudhaaf ykna amantoota ishee qulqullummaatti eeguudhaaf immoo, tarkaaf sirnaa
fudhachuu, dheekamuu fi yeroo qalbii jijjiirrannaa laachuuf haboo qabdi. (Mat. 18:15-18, 1Qor.
5:1-5, 2Qor. 13:10, 2Xim. 4:2, Tit. 1:13-14).

D). Haboo Tajaajiltoota muuduu fi muudama irraa kaasuu qabdi. (Ho.Er. 1:15-26, Tit. 1:5)

Boqonnaa 8:- Bulchiinsa Waldaa Kiristiyaanaa

8.1. Bulchiinsa ykn Geggeessaa Waldaa Kiristiyaanaa

Akka Waldaan geggeessaa qabaattuuf Waaqayyootu abboome. (Ibr. 13:7,17). Waldaa


Kiristiyaanaa keessa geggeessaan jiraachuun sirna malee dogoggora miti. Waldaa Kiristiyaanaa

85

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

hojii fi haboo Yesuus biraa isheef kenname qabdi. Haboo fi hojii kana immoo karaa
geggeesitoota isheetii sirnaa fi toora isaa eeguudhaan yeroo barbaachisutti immoo murtoo
waliinii dabarsuudhaan hojii irra oolchiti. (Mat. 18:17-19, Ho.Er. 15:1-31, 20:28).

8.1.1. Eegdota ykn Jaarsolii Waldaa

Hojii Isaanii:- Jaarsoliin Waldaa kiristiyaanaa macaafa qulqulluu keessatti maqaa garaa garaan
kan waamaman yammuu ta’u, Iphiis qoophoos, hangafoota, eegdotaa fi kkf jedhamuudhaan
beekamu. Kutaa tajaajilaa kana keessatti Waldaa Kiristiyaanaa Ergamootaa geggeessuudhaa fi
barsiisuudhaaf yeroo isaanii guutummaa kan kennan tajaajiltootni turaniiru. Hojiin isaanii
jaarsolii Waldaa Kiristiyaanaa bara keenya jiranii wajjin raawwatee gargar ture. Sababni isaa
jaarsoliin amma jiran hojii isaanii hojjetachaa yeroo muraasa Waldaaf qoodanii kan hojjetan
yammuu ta’u, akkasumas itti gaafatamummaadhaanis gargar. (Ho.Er. 20:17-18, 1Xim. 3:1-7,
5:17-18, Tit. 1:5-9, 1Phex. 5:1-5).

Madaallii Jaarsonni Ittiin Filataman:- jaarsoliin Waldaa Kiristiyaanaa sagalee Waaqayyoo


keessatti waa’ee isaaniif caafamee akka jirutti ilaalamuudhaan ga’oo ta’uun isaanii erga
beekamee booda Waldaa keessaatti filatamu. (Ho.Er. 1Xim. 3:1-7, Tit. 1:5-9).

Bara Tajaajilaa:- danbii ittiin bulmaataa Waldaa keessa jiruu fi yeroon isaanii daangeffamaa
waan ta’eef Waldaan Kiristiyaanaa mul’ata isaanii ilaaltee akka barbaachisummaa isaatti bara
tajaajila isaanii murteessiti.

8.1.2. Daaqonoota

Hojii Isaanii:- tajaajilli daaqonummaa gargaarsa eegdotaaf kan barbaachisu ta’ee eegdota jalatti
tajaajila irbaata Gooftaa kennuu fi akkasumas tajaajila garaa garaaf filatamu. (ho.Er. 6:1-6)

Madaallii Ittiin Filataman:- akkuma sagalee Waaqayyoo keessatti ibsamee jirutti kennaa isaan
waa’ee tajaajila kanaaf qaban madaaluudhaan ga’oo ta’uun isaanii erga beekamee booda
filatamu. (Ho.Er. 6:3-6, 1Xim. 3:8-13)

Bara Tajaajila Isaanii:- mul’ata isaani keessa jiru ilaaluudhaan akka danbii Waldaan
Kiristiyaanaa qabduutti yeroo isaaniif kenname keessatti akka hojjetaniif murta’a.

86

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

8.1.3. Tajaajiltoota Waldaa Kiristiyaanaaf Kennaman

Gooftaan Yesuus tajaajiltoota kennaa tajaajilaa garaa garaa qaban Waldaa kiristiyaanaaf
kenneera. (Efe. 4:11-13). Kennaawwan tajaajilaa kun dhaqna Kiristoos worra ta’an
jabeessuudhaan, amantootni gara guutummaa Kiristoositti akka guddatna gochuudhaan tajaajila
Gooftaaf nama qopheessu. Kennaawwan kunis amma Gooftaan deebi’ee dhufutti itti fuufu.

A). Ergamoota

Dhuga baatota du’aa ka’uu Gooftaa Yeuus ta’uudhaan Wangeela lallabanii worra Waldaa
Kiristiyaanaa dhaabanii dha. (Mat. 10:1-7, Ho.Er. 1:26, Efe. 2:20, 4:11).

B). Raajota

Haala yeroo fi kan gara fuula duraa Waaqayyoo irraa fuudhanii kan dabarsan tajaajiltoota
Waaqayyoo ti. (1Sam. 9:9, Ho.Er. 15:32, 1Qor. 12:28).

C). Hojjetoota wangeelaa

Wangeela Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos namoota biraan ga’uudhaaf ergamoota bakkaa
bakkatti adeemanii lallabanii dha. (Ho.Er. Ho.Er. 21:8, Efe. 4:11).

D). Eegdota

Tajaajiltoota Waldaa Amantootaa tokko keessatti amantoota kan eegan, kan barsiisan, kan
to’atan ykn hordofan, kan gorsanii fi kan guddisanii dha. (Efe. 4:11, Ho.Er. 13:1, 1Qor. 12:28).

E). Barsiisota

Tajaajiltooa Amantoota barsiisanii fi barsiisa dogoggoraa worra amantoota irraa eeganii dha.
(Ho.Er. 13:1, 1Qor. 12:28).

8.1.4. Tajaajila Tajaajiltootni Amantootaaf Gochuu Qaban

Gara tokkummaa ilma Waaqayyoo beekuudhaa fi amanuudhaan argamuuttii fi nama guutuu


ta’uudhaan gara guutummaa Kiristoositti akka guddataniif, worra dhaqna Kiristoos ta’anis
guutummaadhaan ga’uudhaa fi tajaajila Kiristiyaanummaaf qopheessuu fi sagantaa Waldaan

87

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Kiristiyaanaa qopheessitu kam irraatti argamanii akka tajaajilaman gochuutu irraa eegama. Itti
dablees qajeelfama Waldaa Kiristiyaanaa qopheessitu qam iyyuu fudhachuutu irraa eegama.. ofii
isaaniis barsiisa sobaa fi cubbuu irraa kan of eegan akkasumas Waldaa kiristiyaanaa fi
Waaqayyoof kan abboomaman ta’uutu irra jira.

Boqonnaa 9:- Sirna Caaseffama Bulchiinsa Waldaa Kiristiyaanaa

Akka seenaan Waldaa Kiristiyaanaa dubbatutti toora bulchiinsa Waldaa Kiristiyaanaa garaa
garaatu jira. Hundumti isaanii iyyuu jabinaa fi laafina ofii isaanii kan qaban yammuu ta’u,
kanatti aansinee toraan ilaalla.

9.1. Sirna Bulchiinsa Phaaphaasota Ol-aanoon Geggeeffamuu (Episcopal Governance)

Sirna bulchiinsa phaaphaasota ol-aanoon geggeeffamuu keessatti angafni phaaphaasii ol-aanaan


phaaphaasota baayyee irratti haboo qaba. Phaaphaasotni immoo luboota irratti haboo qabu.
Lubootni immoo Waldaa amantootaa irratti haboo qabu. (mat. 16:18, Ho.Er. 20:28). Sirna
bulchiinsa kanaa keessatti haboon hundumtuu phaaphaasicha harka kan jiru yammuu ta’u, waan
hundumaa kan to’atu isa. Sirna bulchiinsa akkasii kan hordofan Waldaa Ortodoxsii fi kaatoliikii
dha.

Phaaphaasii

Ol-Aanaa

Phaaphaasii Phaaphaasii Phaaphaasii

Luba Luba Luba Luba Luba Luba

88

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Aantoota Amantoota Amantoota Amantoot Amantoota Amantoota


a

Bulchiinsa Phaaphaasii Ol-Aanaan Geggeeffamu

9.2. Sirna Bulchiinsa Jaarsoliidhaan Geggeeffamuu (Presbyteran Governance)

Bulchiinsi akkasii nuchiinsa jaarsolii yammuu ta’u, presbyter kan jedhus hiikuma kana qaba.
Akka kanatti tokkoon tokko Waldaa Amantootaa jaarsolii ofii isaatii filata. Soortuum waldaa
sanaas jaarsolii sanaa wajjin ta

Ee haboo waliqixxee qabaata. Akka kanatti jaarsoliin kun bulchiinsa Waldaa amntootaa
geggeessu. Akka kanatti jaarsoliin kun wal-ta’uudhaan miseensa gumii presbyterii isa gita
naannoo jiruu ykn tokkummaa Waldoota kiristiyaanaa presbyterii ta’u. akkasumas immoo
miseensa gumii walii galaa ta’uu danda’u. (Ho.Er. 14:23, 15:2, Tit. 1:5). Sirna Bulchiinsa akkasii
kan hordofan Waldaa Kiristiyaanaa Makaana Yesuus, Angiliikaanii fi Luuteraanii dha.

Gumii Walii
Galaa

Prisbeeterii Prisbeeterii Prisbeeterii

Jaarsolii Jaarsolii Jaarsolii Jaarsolii Jaarsolii Jaarsolii Jaarsolii

89

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Amantoota Amantoota Amantoot Amantoota Amantoota Amantoota Amantoota


a

Sirna Bulchiinsa Jaarsoliidhaan geggeeffamuu

9.3. Sirna Bulchiinsa Waldootaan Geggeeffamuu (Congregational Leadership)

Sirna bulchiinsaa kana keessatti tokkoon tokkoo waldaa amantootaa of danda’ee qaama
bulchiinsaa ol aanaa utuu hin qabaatin ofuma isaatiinn of bulcha. Akkasumas amantootni
geggeessaa ofii isaanii filatu. Sirna bulchiinsaa akkasii keessatti haboo guddaa kan qabu paasterii
Waldaa sanaa yammuu ta’u, hunduma isaa kan to;’atu isa. Jaarsoliin ykn daaqonoonni immoo isa
gargaaruuf filatamu. (Ho.Er. 12:17, 21:18, Gal. 2:12). Yaaqob waldaa Amantootaa Yeerusaalem
keessatti haboo akkasii qaba ture jedhanii amanu. Waldootni sirna akkasii hordofan Baaptisit
worra jedhamanii fi kkf dha.

Gumii Amantootaa

Paasterii

Sirna Bulchiinsa Waldoota Amantootaan Geggeeffamuu

9.4. Sirna Bulchiinsa Soortootaan Geggeeffamuu (Pastoral Governance)

Sirni bulchiinsa akkasii kun sirna bulchiinsa is Waldoota Amantootaatiin geggeeffamuu wajjin
sadarkaa tokko tokko irratti kan wal fakkaatu yammuu ta’u, soortuun ykn abbaan mul’ataa ol-
aantummaadhaan waldicha keessatti qofaa isaa murtoo kennuudhaan kan geggeessu yammuu
ta’u, isa jalatti kan gargaaran koreen ykn boordiin dooqonootaa fi jaarsolii in filatamu. Soortichi
ykn abbaan mul’ataa sun yeroo barbaadetti koree kana hariyuu ykn gedderuu danda’a.

90

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

akkasumas murtoowwan barbaade qofaa isaa murteessuu danda’a.(Ho.Er. 20:17 fi Mul. 2:1 wal
bira qabuun ilaaluun in danda’ama. Akkasumas mul. 2:8, 12:18). Sirna bulchiinsaa akkasii kana
kan hordofan baayyeen isaanii erga Waldaan Kiristiyaanaa haareffamtee Waldoota jalqabanii
dha. Akkuma amala ta’ee beekamutti abbaa mul’ataa haa jedhamu iyyuu malee worra imaanaan
itti kennamee dha.

Soortuu

Koree Daaqonootaa

Amantoota

Sirna Bulchiinsa Soortuu ykn Abbaan Mul’ataa Geggeessu

Macaafa qulqulluu keessatti sirni tokkichi itiin Waldaa Kiristiyaanaa geggeessan kana jedhamee
yoo hin jiraanne iyyuu, seenaa Waldaa Kiristiyaanaa keessatti sirni geggeessaa garaa garaa akka
jiru in hubatama. Hundumti isaanii jabinaa fi laafina mataa isaanii kan qaban yammuu ta’u,
Waldaan Kiristiyaanaa kam iyyuu danbii waldaa ofii isaatii hordofuudhaan Waldaa bakka garaa
garaa dhaabuu in danda’a.

Boqonnaa 10:- Hojiidhaan Wal-qabsiisuu

 Amalootni biyya lafaa kana keessatti Waldaan Kiristiyaanaa dhugaa ta’uu ishee
calaqisiisan ykn kan ibsan jiru. Isaanis; qulqullummaa, barsiisa dhugaa, Macaafa
qulqulluu irratti hundaa’uu fi tokkummaa qabaachuu yammuu ta’an, Waldaan
Amantootaa nuti keessa jirrus kanumaan madaalamuu qabdi. Amaloota armaan olitti
caqafaman Waldaan hin calaqisiifne Waldaa akeeka ishee gattee fi eenyummaa ishee
irranfatte waan taateef waantota amala ishee irraa eegamuu wajjin walii hin galle daftee
of irraa baasuu qabdi. Waanti guddaa nuti hubachuu qabnu Yesuus Kiristoos yeroo
waa’ee Waldaa kiristiyaanaa ibsu saaphana galaanatti darbatame ykn qotiisatti ishee
fakkeesse. (Mat. 13”36-37,47). Kana jechuun saaphana galaanatti darbatame ykn qotiisa
keessa waan gaarii qofaa utuu hin ta’in waantotni gaarii hin ta’inis keessa jiru jechuu dha.
Saaphanni galaanatti darbatamee qurxummii gaggaarii qofaa utuu hin ta’in torbaan qabaa

91

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

fi bineensota gara biraas walitti qabee ol deebi’a. akkasumas qootiisni qotamee yeroo
garbuun faca’u kan deebi’ee biqilu garbuu sana qofaa miti haramaa garaa garaa wajjin
biqila malee. Waldaan Kiristiyaanaa akkuma saaphanaa fi qotiisaa kan isheen walitti
qwabattee jiraattu namoota garaa garaa waan ta’aniif Waldaan raawwattee qulqulluu taate
biyya lafaa irratti argamuu hin dandeessu. Kanaaf rakkoolee xixiqqaaf Waldaa
Kiristiyaanaa gadi dhiifnee adeemuun nu irra hin jiru.
 Yesuus Kiristoositti amanuudhaan namootni lammaffaa dhalatan hundumtuu Waldaa
kiristiyaanaa isaanitti dhiyoo jirtu keessatti miseensa ta’uutu isaan irraa eegama. Waldaa
kiristiyaanaaatti miseensa ta’uun bu’aa dhaqna Kiristoos ta’uu waan ibsuuf hubachuunii
fi Waldaa kiristiyaanaa ala jiraachuun dhaqna Kiristoositti gargar ba’uu akka ta’e
beekuun barbaachisaa dha. Miseensa ta’uu dhiisuun eebba guddaa keessaa hir’achuu
akka ta’ee fi seexanaaf saaxilamuu ta’uu isaa fi jireenya dhugaa keessaa hir’achuu ta’uu
isaa beekuun barbaachisaa dha. Mana keenya keessa teenyee midiyaa garaa garaatiin (Tv.
Rediyoo, Interneetii fi kkf) sagantaa hafuuraa garaa garaa hordofuun jireenya hafuuraa
keenyaaf bu’aa guddaa yoo qabaate iyyuu Miseensa waldaa Kiristiyaanaa ta’uu irraa nu
dhowwuu hin qabuu, bu’aan isaas isa kan waldaa wajjin hin madaalamu. Kanaaf akka
duuka buutu Kiristoositti sagantaa waldaa Kiristiyaanaa hordofuu fi qulqulloota isaa
wajjin tokkummaa qabaachuutu barbaachisa.
 Waaqayyo Waldaa kiristiyaanaaf haboo waan kennef sirna isheen qopheesitu keessatti
galanii buluunii fi sirnichaaf itti gaafatama fudhachuuf of qopheessuutu barbaachisa.
Waldaa kiristiyaanaatiin mormuunii fi haboo isheen qabdu fudhachuu diduun mataa
Waldaa Kiristiyaa isa ta’e Kiristoosiin mormuu dha.
 Qabeenya kennuun tajaajila hafuuraa keessaa kutaa tokko. Kennuun amala Waaqayyoo
keessaa isa tokko yeroo ta’u , nuti ijoolleen isaas amala isaa calaqqisiisuu qabna.
Kiristiyaanni hundumtuu kennuu baruu fi kurnoo isaa kaffaluuf amanamaa ta’uu qaba.
Waan qabnu irraa tajaajila wangeelaaf kennuun eebba ta’uu irra darbee mootummaa
Waaqayyoo bal’isuuf gumaacha guddaa godha, iyyeessotni ittiin gargaaramu, namoota
rakkina garaa garaa qabaniif gargaarsi in ta’a. Waldaan kiristiyaanaas horii amantoota
ishee irraa sassaabdu sirriitti ittiin hojii Wangeelaa hojjechuu qabdi.

Gaaffilee Keessa Deebii Barumsa Waldaa Kiristiyaanaa

92

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Soba ykn Dhugaa Jedhii Deebisi

1. ____________ Waldaan Kiristiyaanaa ayyaana guyyaa shantammaffaa dura Kakuu


Moofaa keessatti hundeeffamte.
2. ____________ Cuuphaan seera raawwachuu dha malee jireenya baraa baraa hin
argamsiisu ykn fayyinaaf dhimma hin baasu.
3. ____________ Waldaan Kiristiyaanaa barumsaa fi amantii ergamootaa erga fudhattee
Waldaa ergamootaa jedhamti. Waldaa ergamootaa ta’uudhaaf barumsa ergamootni
fudhatan fudhachuu fi irratti hundaa’uu barbaachisa.
4. ____________ Qabeenya Waaqayyo nuuf kenne keessaa deebifnee isaaf kennuun
waaqeffannaa jedhama.
5. ____________ Wangeela lallabuun itti gaafatama hojjetoota Wangeelaa ykn
tajaajiltootaa qofaa dha.

Gaaffilee “A” Jala Jiraniif Deebii Sirrii worra “B” Jalaa keessaa Filadhu.

“A” “B”

6. Waldaa Amantootaa A). 100/10 ykn 10/1


7. Baabtistii B). “Ekeleeshiyaa”
8. Kurnoo C). Kennaa Qulqulluu
9. Gumii Amantootaa D). Ishee hin argamne
10. Irbaata Gooftaa E). Kennaa Angafaa
F). Ishee argamtu
G). Cuubuu ykn Gadi Liccisuu

Qubee Isa Deebii Sirrii qabate Filadhu

11. Amaloota Waldaa Kiristiyaanaa keessatti kan hin hammatamne kam?


A). Tokkummaa B). Gita Addunyaatti
C). Barsiisa Dhugaa D). Qulqullummaa

93

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

12. Akeekni Irbaata Gooftaa ykn Kennaa qulqulluu maal?

A). Yeroo Irbaata Gooftaa fudhannu gatii Gooftaan waa’ee keenyaaf jedhuu baasee fi

jaalala isaa ittiin yaadanna.

B). Yeroo Irbaata Gooftaa fudhannu dhuga baatota isaa ta’uu keenya kan ittiin yaadannuu

dha. Amma inni deebi’ee dhufuttis dhuga baatota taana.

C). Gooftaan lammaffaa deebi’ee akka dhufu yaadachaa abdii keenya isa irra

godhachuudhaan qajeelummaatti jiraachuuf nu gargaara

D). Hunduu Deebii dha.

13. Maqaawwan Waldaan Kiristiyaanaa ittiin moggaafamte keessaa kan ta’e kam?

A). Dhaqna Kiristoos B). Mana Waaqayyoo

C). Uumama Haaraa D). Hunduu Deebii dha.

14. Hojiiwwan Gurguddoo Waldaan Kiristiyaanaa Hojjettu Keessaa Kan Hin Ta’in Kam?

A). Wangeela namootaan ga’uu fi duuka buutota gochuu

B). Mana Waaqeffannaa ijaaru

C). Amantoota guddisuu (guddina Hafuuraa)

D). Tajaajila hawaasaa

15. Waldaa Hunda Galeessa ykn Biyyoolessaa jechuun maal jechuu dha.

A). Waldaa ishee hin argamne jechuu dha

B). Nannoodhaa fi safara keessa qofaatti kan hin hundoofne

C). Waaqayyo qofaa biratti kan beekamte

D). Hunduu deebii dha

94

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

16. Gosa Bulchiinsa Waldaa Kiristiyaanaa keessaa kan hin ta’in kam?

A). Bilchiinsa Iphis Qophoos B). Bulchiinsa jaarsolii

C). Bulchiinsa tajaajiltoota yeroo guutuu kennanii tajaajilanii

D). Bulchiinsa Soortuu ykn abbaa mul’ataa

17. Akeekni Cuuphaa Bishaanii maal?

A). Cuuphaan bishaanii karaa ittiin amanaan namummaan isaa inni moofaan du’uu

isaa argissiisuu fi jireenya haaraa uffachuu isaa agarsiisuu dha.

B). Cuphaan bishaanii amanaan Yesuus Kiristoositti amanuu isaa karaa ifaa ta’e irra

kan mul’isuu fi karaa inni ittiin dhugaa ba’uu dha.

C). Cuuphaan bishaanii amanaan dhaqna Kiristoos ta’uu isaa kan ittiin agarsiisuu fi

gara tokkummaatti kan ittiin dabalamuu dha.

D). Deebiin hin kennamne

18. Hundeen Waldaa Kiristiyaana Maal?

A). Abbaa mul’ataa B). Ergamoota

C). Yesuus Kiristoos D). Raajota

Gaaffilee Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19. Waldaa Kiristiyaanaa jechuun maal jechuu dha

20. Biyyaa Lafaa kana keessatti Dhuga qabeettii ta’uu Waldaa Kiristiyaanaa amaloota ibsan
arfan keessaa lama filadhu ibsa irratti kenni.

95

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Barumsa 5:- Guddina Hafuuraa

Boqonnaa 1:- Guddina Hafuuraa

Kakuu Haaraan fayyina “lammaffaa dhalachuu” ykn “Kiristoosiin uumama haaraa ta’uu” jecha
jedhuun ibsa. (Yoh. 3:3-4, 2Qor. 5:17, Qol. 3:9-10, Tit. 3:5, 1Phex. 1:23). Lammaffaa
dhalachuun maal akka ta’e uumama caalaa kan nuuf ibsu hin jiru. Mucaan tokko dhalatee garaa
haadha isaa keessa ji’a sagal erga turee booda gara biyya lafaa kanatti yeroo dhufu “In dhalate”
jedhama. Akkasumas namni bakka jiraachaa ture jireenya hafuuraa isa tokko keessaa gara
jireenya hafuuraa isa gara biraatti yammuu dhufu lammaffaa dhalate jedhama. (Qol. 1:13-14).
Jireenya hafuuraatti guddachuuf dursa Kiristoosiin lammaffaa dhalachuutu irra jira. Guuddinni
hafuuraa bakka inni jalqabu kan biraan hin jiru. Jalqabni isaa hafuuraan lammaffaa dhalchuun
Yesuus Kiristoosiin Gooftaa jireenyaa godhanii fudhachuu irraa jalqaba. Jireenyi kun kan
guddatu, kan gabbatu, fi bilchaachaa kan adeemu jireenya haaraa dha. Waanti lammaffaan nuti
hubachuu barbaachisu immoo kiristiyaanummaan guddina gargar hin citne ta’uu isaa ti. *Fil.
3:13). Mucaa dhale tokko irraa guddachuun akkuma eegamu Kireenyi hafuuraas amanaan tokko

96

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

lammaffaa erga itti dhalatee booda itti guddachuun akkasuma irraa eegama. (1Xim. 4:15).
Kanaafii dha macaafni qulqulluun waa’ee Yohaannis cuubaa yeroo dubbatu “mucichi in
guddatehafuurattis in jabaate” kan jedhuuf. (Luq. 1:80). Yohaannis cuubaan nuunis yeroo gorsu
“dammaqaa amantiidhaan dhaabadhaa itti guddadhaa” (1Qor. 16:13) kan jedhuuf. Kanaaf
guddinni hafuuraa filannoo utuu hin ta’in ajaja.

1.1. Guddinni Hafuuraa Maal?

Waa’ee guddina hafuuraa dubbachuu keenya dura waa’ee isaa hubachuu nu barbaachisa:-

Guddinni Hafuuraa:-

 Gara Kiristoosiin ykn Waaqayyoon beekuutti guddachuu. Kiristoosii wajjin wal-


qixxachuu utuu hin ta’in isa fakkaachuutti guddachuu jechuu dha. (Rom. 6:29, 1Qor.
11:1, 1Xim. 4:7-8, 5:4, 6:3-6, 2Phex. 1:2-7, 3:11, 12).
 Gara nama guutuu ta’uutti guddachuu. (Efe. 4:12-13, Qol. 1:28, Yaq. 3:2)
 Gara nama Hafuuraa ta’uutti guddachuu (1Qor. 2:15, Gal. 6:1).
 Worra kaan tajaajiluutti guddachu. (Ho.Er. 6:4, 1Qor. 3:5, Ibr. 5:12)
 Hafuura Waaqayyoon geggeeffamanii jaalala Waaqayyoof jiraachuutti guddachuu. (Far.
143:10, Rom. 8:12-14, Efe. 6:6, 1Phex. 4:1-2, 1Yoh. 2:17).
 Ija Hafuuraa horachuudhaan waamicha keenyatti guddachuu. (Mar. 4:20, Yoh. 15:4-8,
Rom. 7:4-5, Gal. 5:22, Qol. 1:10-11).
 Ulfinaa gara ulfinaatti darbuudhaan guddachuu. (Far. 84:7, 2Qor. 3:18
 Waaqayyoo malee waan tokko gochuu akka hin dandeenye beekuudhaan isa
amanachuudhaan itti guddachuu. (Yoh. 15:5, Fil. 4:13).

1.2. Gara Eenyutti Guddanna?

Ergamaan Phaawuloos amantoota Efeesooniif waa’ee amantii yeroo caafu “waan hundumaan
gara isa mataa nuuf ta’ee gara Kiristoositti in guddanna” jedha. (Efe. 4:16). Kallattiin
guddina keenyaa Kiristoosiin fakkaachuu yoo ta’uudhaa baatee safartootni worri kan biraan
madaalliin isaanii gara gallatti guddina sirriitti nu hin geessan. Jagnoota amantii fi
geggeesitoota worra nu dursanii amanan irraa baayyee barachuu akka dandeenyu kan hin

97

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

shakkamnee dha. Haa ta’u malee kan nuti waamamneef bifa ilma isaa akka fakkaannuu fi
bifa Gooftaa akka calaqqisiifnuufii dha. (Rom. 8:29, Ibr. 12:1-4).

1.2. Guddinaaf Waantota Murteessoo Ta’an

Guddinni Hafuuraa galma isaa ga’uu kan inni danda’u karaa fayyinaa isa qajeelaa hordofuu
yeroo danda’u qofaa dha. Ija baayyee godhachuudhaa fi guddina hafuuraa yeroo isaa eeggate
guddachuudhaaf amanaan akka isa irraa barbaadamutti toora guddina hafuuraa hordofuu qaba.

Boqonnaa 2:- Sagalee Waaqayyootti Guddachuu

Kiristiyaanni karaawwan garaa garaatiin guddachuu kan danda’u yammuu ta’u, hundee guddina
isaatii inni jabaan immoo sagalee Waaqayyoo ti. Kanaaf Kiristiyaanni tokko guddina isaa dura
sagalee waaqayyoo bu’uura isaa hin godhatu taanaan hundeen isaa dogoggoraa fi kan hin
guddanne ta’a. walitti dhufeenya inni sagalee Waaqayyoo wajjin qabu irratti hundaa’uudhaan
giddinni Kiristiyaana tokko sadarkaa sadii qaba.

A). sadarkaan jalqabaa yeroo inni sagalee Waaqayyoo worra kaan irraa dhaga’ee jiraatuu dha.
(1Phex. 2:2-)Kiristiyaanni akkasii Waldaa Kiristiyaanaatti deddeebi’uudhaan waan lallabaan
barsiisu irratti hirkatee jiraata. Kun jalqabbii jireenya Kiristiyaanummaa ti. Sadarkaa jireenya
akkasii keessa turuun dirqama ta’a. Haa ta’u malee yeroo dheeraa ykn amma barbaachisuu ol
jireenya akkasii keessa turuun fayyummaa hafuuraa dhabuu dha.

B). Sadarkaa inni lammaffaan yeroo itti sagalee Waaqayyoo dhuunfaatti dubbisanii fi qoratanii
of danda’anii dha. (Izr. 7:10, Ho.Er. 17:10-11).

C). Sadarkaan guddinaa inni sadafaan yeroo Sagaleen Waaqayyoo guutummaatti nu keessa
jiraatuu fi jireenya keenyaa wajjin wal fudhatuu dha. (Qol. 3:16).

2.1. Bu’aa Nuti Guddina Keenyaaf Sagalee Waaqayyoo Keessaa Argannu

 Sagalee Waaqayyoo buddeen jireenyaa waan ta’eef guddina keenyaaf baayyee


barbaachisa. (Erm. 15:16, His. 3:1-3, Far. 119:103, Mat. 1Phex. 2:2-3, Mul. 10:10).
 Sagalee Waaqayyoo kan nama qulqulleessu waan ta’eef guddina jireenya hafuuraa
keenyaaf baayyee barbaachisaa dha. (Yoh. 17:17, 1Xim. 4:5).

98

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Sagaleen Waaqayyoo Sagalee ayyaanaa waan ta’eef guddina hafuuraa keenyaaf baayyee
barbaachisaa dha. (Luq. 4:22, Ho.Er. 20:32).
 Sagaleen Waaqayyoo hojii gaarii hundumaaf waan nama qopheessuu fi qorsi
qajeelummaa waan keessa jiruuf guddina hafuuraa keenyaaf baayyee barbaachisaa dha.
(2Xim. 3:16-17).
 Sagaleen Waaqayyoo ifa gara Waaqayyootti geessu waan ta’eef ulfina gara isaatti
geessuu dha. (Far. 119:105). Waa’ee Yesuus beekaa akka guddannu nu godha. (Yoh.
5:39).
 Sagaleen Waaqayyoo billaa waan ta’eef jireenya keenya irraa cituu fi nu irraa ka’uun
waan irra jiru kaasee gedderamsa jireenyaaf umna nuuf kenna. (1Tas. 2:13, Ibr. 4:12).
 Sagaleen Waaqayyoo gaaffii namaa hundumaaf deebii hundaa waan qabuuf beekumsaa fi
gorsa hundumaa kennuu, gedderuu, fi haaressuuf sagalee umna qabuu dha. (Fak. 23:20-
21)
 Sagaleen Waaqayyoo burqaa ulfinaa fi waan gaarii hundumaa waan ta’eef guddina
hafuuraa keenyaaf baayyee barbaachisa. (Ke.De. 28:1, 14, Fak. 16:20, Gal. 6:6).
 Sagaleen Waaqayyoo meeshaa waraana hafuuraa waan ta’eef guddina hafuuraa keenyaaf
bu’aa qaba. (2Qor. 10:2-4, Efe. 6:10-17).

2.2. Macaafa Qulqulluu Attamitti Qoranna

 Guyyaa guyyaatti dhuunfaa keenyatti qayyabachuu qabna.


 Macaafota barumsa garaa garaa kennan bitachuudhaan, waldaa Kiristiyaanaatti
argamuudhaan jabaannee tajaajila hafuuraa keessaa hirmaachuudhaan bu’aa hafuraa
argachuu dandeenya.
 Gartuu qorannaa macaafa qulqulluu waldaan Kiristiyaanaa qopheesitutti dabalamuudhaan
dubbii Waaqayyoo barachuu dandeenya.
 Macaafota Hafuuraa garaa garaa dubbisuudhaan sagalee Waaqayyoo baruu dandeenya.
 Mana barumsaa macaafa qulqulluu galuudhaan barannee guddachuu dandeenya.

Boqonnaa 3:- Jireenya Kadhannaatti Guddachuu

99

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Kiristiyaanni tokko karaa garaa garaa guddachuu kan danda’u yammuu ta’u, akkuma sagalee
Waaqayyoo guddina hafuuraaf baayyee barbaachisaa kan ta’e inni kan biraan immoo kadhannaa
dha.

3.1. Hiika Kadhannaa

Kadhannaa jechuun Waaqayyoo keenyaa wajjin kan nuti godhannu tokkummaa jaalalaa ykn
Waaqayyoo wajjin kan nuti goonu haasaa garaa, walitti dhufeenya jabaa, firooma
(Communication) fi tokkummaa dha. (Mat. 6:9-13, Fil. 4:6). Kadhannaan karaa kan biraa immoo
waanta nuti kadhanneef waan Waaqayyo deebisu dhaggeeffachuu dha.

3.2. Kadhaatti Guddachuudhaaf Wantoota Jajjaboo Nu Barbaachisan

Attamitti kadhachuun akka nu irra jiru baruun nu barbaachisa, kanaaf Waaqayyoon yeroo
kadhannu:-

A). Akka Waaqayyo kadhata keenya dhaga’u amannee kadhachuutu nu irra jira. (Erm. 29:12,
Mar. 11:24, Ib. 11:6, Yaq. 5:15).

B). Kadhata keenya hundumaa maqaa Yesuus Kiristoosiin gochuu qabna. (Yoh. 14:13, 16:23)

C). Akka jaalala Waaqayyootti kadhachuu qabna. (1Yoh. 5:14-15).

D). Akka sagalee Waaqayyootti kadhachuu qabna. (Yoh. 15:7)

E). Hafuura Qulqulluun geggeeffamnee kadhachuu qabna. (Rom. 8:26, Efe. 6:18).

F). Cubbuu keenyaa fi dadhabbii keenya beeknee qalbii jijjiirachuudhaan kadhachuu qabna.
(2Sen. 7:14, Isa. 59:1-3, Far. 66:18, 1Yoh. 1:8-10). Namoota wajjin wal dhabnee fi halloo itti
qabanneef dhiifama gochuudhaan jaalala agarsiisaa kadhachuu qabna. (Mat. 5:22-24, 6:14-15).

G). Nuffii malee jabaannee kadhachuu qabna. (1Sen. 16:11, Luq. 11:5-13, 18:1-8).

3.3. Eenyuun Kadhachuun Akka Nu Irra Jiru Beekuu

Kan nuti kadhannu kadhata keenya isa dhaga’uu fi kadhadhaa jedhee isa abboommii nuuf kenne
Waaqayyoo keenya kadhanna. (Far.65:1-2, Erm. 29:12-14, Mat. 6:7-13, Yoh. 16:23).

100

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

3.4. Maaliif Akka Kadhannu Beekuu

A). Waaqayyoo wajjin tokkummaa jaalalaa ykn walitti dhufeenya jabaa gochuuf. (Far. 42:1-3,
Efe. 3:14-19).

B). Abboommii Waaqayyoo waan ta’eef (Luq. 18:1, Efe. 6:18, 1Tas. 5:17-18)

C). Gara Waaqayyootti kan nu dhiyeessuu fi jaalala isaa jireenya keenya keessatti akka beeknu
waan nu godhuuf (Far. 143:10, Rom. 1:9-10).

D). Waaqayyo waan hundumaa keessatti gargaarsa keenya waan ta’eef garaarsa isa irraa
argachuuf (Far. 121:1-2, Mat. 7:7-8, Ibr. 4:16).

E). Qorumsatti akka in galleef (Mat. 26:41)

3.5. Gosa Kadhannaa

3.5.1. Kadhata Qalbii Jijjiirannaa

Kadhannaan qalbii jijjiirrannaa namni cubbamaanii fi yakkamaan Waaqayyoo biraa haraara


argachuuf dhiyeefatuu dha. (Luq. 18:13). Qalbii jijjiirrachuun yakka ofii gaabbiidhaan fuula
waaqayyootti dhiyeeffachuuf gadi of deebisuu dha. (Far. 51:1-19, Isa. 48:8, 2Qor. 7:10). Qalbii
jijjiirachuun nama hundumaaf Waaqayyoo biraa kan kenname karaa ittiin Waaqayyootti
haraaramanii dha. (Ho.Er. 17:30). Kadhannaa qalbii jijjiirranna bu’aa qaba. Bu’aan isaa immoo
ija qajeelummaa godhachuu dha. (Yonas. 3:10, Luq. 3:10-14).

3.5.2. Kadhata Waaqayyoo Irra Waa Argachuuf kadhatamu

Akka sagalee abdii nuuf kennameetti waan feenu Waaqayyoo irraa argachuuf kadhanna. (Mat.
7:7, Yoh. 16:24).

3.5.3. Kadhata Nuti Dhimmoota Garaa Garaaf Kadhannu

Kadhannaa kana keessatti kan nuti kadhannu waa’ee ofii keenyaa utuu hin ta’in waa’ee worra
kaanii ti. Fkn, waa’ee saba Waaqayyoo, waa’ee mana Waaqayyoo, waa’ee moototaa
(geggeesitootaa), akkasumas namootni akka fayyaniif kadhata nuti goonuu dha. (Se.La. 14:19-
20, Nahi. 1:4-11, Iyo. 42:8-10, Ho.Er. 12:5, Rom. 10:1, 1Xim. 2:1-4). Namni waa’ee namoota

101

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

biraa kadhachuu kan danda’u yeroo ofii isaaf jireenyatti jiraatu qofaa dha. Namni kam illee
ammam qajeelaa yoo ta’e kadhata du’a garasiif kadhachuu hin danda’u. (Ma.lal. 9:4-6, Ibr. 7:23-
25).

3.5.4. Kadhata Haboo

Ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenyaaf haboo mucummaa nuuf kennametti gargaaramnee maqaa fi
humna dhiiga Yesusuusiin kadhatni huti kadhannu kadhata haboo jedhama. (Yoh. 1:12).
Amanaan hafuurota hamootaa fi dhukkuba irratti haboo qaba. (Mat. 10:1, Mar. 16:16:17-18,
Luq. 10;19).

3.5.5. Kadhata Ittiin Galata Dhiyeessinu

Kadhata kanaan waan Waaqayyoo irraa fudhanneef , waan nuuf ta’eef, waan nuuf hin ta’iniif,
waa’ee Waaqayyummaa Waaqayyoof, Gooftummaa isaaf, waa’ee eenummaa isaaf, waa’ee hojii
isaaf, waa’ee gaarummaa isaaf isa jajachaa galata nuti kadhannaa keessatti dhiyeessinuufii dha.
(1Sen. 16:10-14, Far. 95:1-7, Isa,40:28-29, Dan. 2:19-23, efe. 3:14-21, Mul. 4:11).

3.6. Gufuu Kadhata Keenyaa

A). Cubbuu nuti qalbii itti hin jijjiirratin ykn cubbuu nuti hin dhiisin(Isa. 59:1-4)

B). Kadhata nuti akka fedha isaa ykn akka jaalala isaatti hin kadhatin. (1Yoh. 5:14-15)

C). Kadhata amantii malee godhamu (mar. 11:23-24)

D). kadhata fedha foonii guuttachuu jedhamee kadhatamu (Yaq. 4:3)

3.7. Attamitti Kadhatna

Yeroo kadhatnu amntiin haa kadhannu malee akka nuuf mijatutti kadhachuu dandeenya. Teenyee
kadhachuu dandeenya (1Mot. 19:4), dhaabannee kadhachuu dandeenya (Mar. 11:25), Deemaa
utuu jirruu kadhachuu dandeenya (2Mot. 4:35), Gadi jennee kadhachuu dandeenya (ba’u. 34:8-
9), Harka keenya ol kaafnee kadhachu dandenya (1Xim. 2:8(, Jilbeenfannee kadhachuu
dandeenya (Luq. 22:41), ciifnee kadhachuu dandeenya. (mat. 26:39).

Boqonnaa 4:- Soomaa fi Sagadatti Guddachuu

102

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Kadhata wajjin waanti nuti walitti hiinee kadhachuu qabnu waa’ee soomaa fi sagadaa ti.

4.1. Hiika Soomaa

Soomiin akka macaafni qulqulluun jedhutti yeroo murtaa’aadhaaf waan nyaatamuu fi waan
dhugamu irraa of kutanii Waaqayyootti dhiyaachuu dha. (Isa. 4:16). Kana jechuun immoo nyaata
gar tokko nyaatanii gara kaan immoo dhiisuu jechuu mit.

4.1.1. Somma kakuu Moofaa Keessaa

 Isiraa’elootni sooma waggaa waggaatti sooman qabu. (Lew. 16:29-31)


 Isiraa’elootni erga booji’amnii booda soomaa akka turan macaafni qulqulluun in dubbata
(Zak. 8:19)
 Darbanii darbanii sooma nama hundumaa hirmaachisu soomaa turan (Ab.Fr. 20:26,
Yo’el. 1:14)
 Somaa Isiraa’elootni ittiin gadda isaanii ibsatan (1Sam. 31:12-13)
 Sooma ittiin ofii isaanii Waaqayyoo duratti dhiyeessanii fi ittiin qalbii jijjiiratan qabu
turan (Izr. 8:21-23, Yo’el. 2:12-14, Yonaas. 3:5-9).
 Sooma ittiin Waaqayyo irraa gargaarsaa fi geggeessaa argatan qabu turan (Ba’u. 34:28,
2Sam. 12:16, 2sen. 20:3-4)
 Akka barumsa Kakuu Moofaatti namni sooma duwwaan Waaqayyoo biraa deebii argata
jechuu miti. Soomiin keenya Waaqayyoo biratti kan inni deebii argatu yeroo nuti
qajeelummaa fi qulqullummaadhaan fuula isaa barbaaddannuu fi dhugaadhaan soomnuu
dha. (Isa, 58:3-12, zak. 7:4-13, Mat. 6:16).

4.1.2. Sooma kakuu Haaraa Keessatti

 Kakuu Haraa keessatti amantootni nyaataa fi dhugaatii irraa of kutanii soomu turan. (Luq.
2:37). Sooma worri Yihuudotaa waggaa wagaatti geggeessan Kakuu Haaraa keessaa
Ho.Er. 27:9 qofaa irratti argama. Kakuu Haaraa keessatti immoo Yihuudonni tokko tokko
torban keessaa ojja duree fi lammaffoo soomaa akka turan in dubbatama. (Luq. 18:12).
 Goftaan Yesuusis ofiima isaaf iyyuu yeroo soomaa fi kadhataa qabaachaa akka ture
macaafni qulqulluun in dubbata. Yesuus immoo kan inni soome nyaata tokko tokko
dhiisuudhaan miti. Waan nyaatamanii fi waan dhugan hundumaa irraa yeroo inni guuyaa

103

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

afurtamaa fi halkan afurtama of kute akka jiru macaafni qulqulluun nutti dubbata. (mat.
4:1-2)
 Yesuus barsiisa barsiise keessatti duuka buutotni isaa akka sooman hubachiiseera. Haa
ta’u malee sooma isaanii keessatti akka amala namni barsiifateetti utuu hin ta;in sagalee
Waaqayyoo barbaaddachuun akka isaan irra jiru beeksiseera. (Mat. 6:16-18). Waa’ee
bartoota isaatii yeroo namootni isa gaafatan utuu misirroon isaanii isaan bira jiruu
soomuun akka isaan hin barbaachifnee fi gaafa inni isaan biraa adeemu immoo akka
isaan sooman worra isa gaafatanitti hime. (Mat. 9:14-17).
 Ergamootni Gooftaa worra hojii Wangeelaaf adeeman filuudhaaf soomanii kadhataniiru.
(Ho.Er. 13:2-3, 14:23). Phaawuloos waa’ee soomaa dubbateera. (2Qor. 6:6, 11:27).
 Waldaa Kiristiyaanaa worra jalqabaa keessatti soomiin iddoo guddaa qaba ture. Soomiin
akka sagalee Waaqayyootti soomamaa, karaa ittiin Waaqayyoo wajjin walitti
dhufeeniidhas.

4.1.3. Sooma Kiristiyaanaa

Akka sagaleen Waaqayyoo abboomutti soomiin Kiristiyaanaa gadi of deebisuu, fuula


Waaqayyoo barbaaddachuu, Waaqayyo biraa araaraa fi gargaarsa hundumaa argachuuf
kadhachuu dha. Yeroo kamitti ykn guyyaa kamitti soomuun in danda’ama. Yeroo sooman
immoo gadi of deebisanii kadhachuutu barbaachisa.

Boqonnaa 5:- Amantiitti Guddachuu

Amantiin guddina hadfuuraa keenya keessatti bu’aa guddaa qaba. Akka macaafni qulqulluun
nutti himutti fayyuu kan nuti dandeenyu amantii qofaadhaan. (Yoh. 3:16-18, Efe. 2:8-9). Kan
nuti jireenyatti jiraachuu dandeenyu amantiidhaan. (anb. 2:4, Ibr. 10:38). Hundumaa caalaa
Waaqayyoon kan nuti gammachiisuu dandeenyu amntii qofaadhaan. (Ibr. 11:6).

5.1. Amantii Jechuun Maal Jechuu dha.

Amantii yeroo jennu yaalii calluma jedhamee godhamu, miira, labsii ykn fedhii utuu hin ta’in
waan abdii godhannu kan mirkaneessuu fi waan arginus kan nu hubachiisuu dha. Amantiin waan
amma mul’atuu fi arginu yoo hin jiraanne iyyuu Waaqayyo waan dubbatteef gara fuula duraatti

104

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

ta’u hundumaa dursinee akka inni ta’u amanuudhaan mirkaneeffannee jiraachuu jechuu dha. (Ibr.
11:1).

5.2. Burqaa Amantii

Amantiin hundee gadi fogoo irratti dhaabamuu qaba, jalqabbiin amantii keenyaa fedha nuti
qabnu ykn yaalii nuti goonu irraa utuu hin ta’in sagalee Waaqayyoo ti. Waaqayyo karaa garaa
garaa har’as in dubbata. Kanaaf ka’umsa amantii keenyaa sagalee Waaqayyoo ta’uu qaba. (Iyob.
33:14, 1Qor. 2:4-5, Rom. 4:20-21, 10:17, Ibr. 1:1-2). Utuu Waaqayyo hin dubbatin waan nuti
akeeknu ykn feenu sababa nuti amanneef ykn sababa nuti labsineef waanti ta’u tokko hin jiru.
Garuu sababa Waaqayyo dubbateef yoo amanne in ta’a. burqaan amantii keenyaa isa waan
ta’eef.

5.3. Gosa Amantii

Macaafni Qulqulluun akka gosni amantii garaa garaa jiran in barsiisa

5.3.1. Amantii Du’aa

Macaafni qulqulluun foon lubbuun keessaa baate du’aa akkuma ta’e akkasuma immoo amantiin
hojii malee du’aa akka ta’e in dubbata. (Yaq. 2:26). Amantii du’aa jechuunhojiidhaan ykn ija
kennuudhaan kan hin mul’atne jechuu dha. Waan Waaqayyo dubbate dhaga’ee garuu immoo isa
dhaga’e sana hojiidhaan kan hin agarsiifne amantii du’aa jedhama.

5.3.2. Amantii Jiraataa

Amantii jiraataa jechuun kan waa hojjechuu danda’u jechuu dha. Amantiin kanatu naaf ta’a
jechuudhaan calluma jennee kan labsinu utuu hin ta’in hojii hojjechuu fi dammaqinaan
eeggachuu nu barbaachisuu dha. (Yaq. 2:22).

5.3.3. Amantii Xiqqoo

Amantii xiqqoo jechuun guutuu kan hin ta’inii fi shakkiin kan keessa guute amantii hir’uu jechuu
dha. (Luq. 12:28).

5.3.4. Amantii Guddaa

105

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Amntii guddaa jechuun shakkii tokko malee kan hojjetuu fi dhibbaa dhibbatti Waaqayyoo irratti
kan irkatu jechuu dha. (Mat. 15:28).

5.3.5. Amantii Kennaa Ta’e

Amntii kennu amantii kennaa ayyaanaa keessatti kennamu yammuu ta’u, nama hundumaaf kan
kennamu miti. Hojii adda ta’e ittiin raawwachuudhaaf namoota Waaqayyo barbaaduuf kennama.
(1Qor. 12:9, 2Tas. 3:1-2).

5.3.6. Amantii Ija Hojii Hafuuraa Ta’e

Akka inni nu keessatti hojjetuuf Hafuura Qulqulluuf yeroo of kenninu ija keessa keenyatti
biqilchu qaba. Kun amantii ija hojii hafuuraa ta’e jedhama. (Gal. 5:22).

5.4. Amaloota Amantiin Ittiin Mul’atu

 Amantiin isa Waaqayyo dubbatee fudhachuu irraa eegalee waanti dubbatame in


raawwatama jedhanii abdii guutuu qabaachuu dha. (Ibr. 11:6).
 Amantiin jireenya Kiristiyaanonni ittiin jiraatan malee shaakala namootni daddaffiin
raawwatan miti. (Ibr. 10:38).
 Amantiin ejjennoo filannoo barbaaduu dha. (Dan. 3:17-18).
 Amantiin dhugaa jiru ykn waan qabatamaan hin mormu. (Dan. 3:17-18)
 Amantiin gatii nama baasisa. (Fil. 1:29, Ibr. 11:35-38).
 Amantiin bu’aa guddaa qaba. (Ibr. 11:13-16).
 Amantiin akka nuti filannoo keenya Waaqayyoon godhannu nu taasisa. (Ibr. 11:24)

5.5. Amantiitti Guddachuu

Amantiitti guddachuuf qajeelfamoota Sagalee Waaqayyoo murteessoo ta’antu jiru.

 Cubbuuttii qalbii jijjiirrachuudhaan walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu


haaressuu. (2Phex. 3:17-19).
 Amnaan amantiitti guddachuuf sagalee Waaqayyoo soorrachuu qaba. (His. 3:2-3, Qal.
3:16-17, 1Phex. 2:2-3).

106

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Amantiin hojii malee du’aa waan ta’eef hojiidhaan mul’isuutu barbaachisa. (Ibr. 11:1-11,
Yaq. 2:14-26).

5.6. Bu’aa Amantiitti Guddachuu

 Amantiidhaan ulfina Waaqayyoo argina. (Yoh. 11:40)


 Amantiidhaan fayyina foonii fi lubbuu arganna. (Mat. 8:8-13, 9:20-22, Ho.Er. 3:16).
 Amantiidhaan jireenyatti jiraanna. (Ibr. 10:37-39).
 Amantiidhaan boqonnaa, nagaa, fi gammachuu arganna. (Yoh. 14:1)
 Amantiidhaan hojii mootummaa Waaqayyoof humna arganna. (mat. 17:20, Ho.Er. 6:5).

Boqonnaa 6:-Tokkummaa Qulqullootaatti Guddachuu

Yeroo namni tokko Yesuus Kiristoositti amanuudhaan fayyina baraa baraa argatu tokkummaa
qulqullootaatii fi dhaqna Kiristoositti dabalama. (Ho.Er. 2:41, 1Qor. 12:13). Tokkummaa kanaan
immoo hojii cubbuu fi jireenya duraan keessa jiraachaa ture keessaa ba’ee tokkummaa
Kiristiyaanotaatti dabalama. Kiristiyaanota har’a jirruuf hundeen tokkummaa keenya kan ta’e
sagalee Waaqayyoo yammuu ta’u mallattoon tokkummaa keenyaa immoo Yesuus Kiristoosii
dha. Tokkummaa keenya kan jabeessuu fi akka simmintootti kan walitti isa hidhu immoo
Hafuura Qulqulluu dha. Hundeen tokkummaa keenyaa sanyii, afaan, gosaa ykn waan lafa kana
irratti argamuun kan dhaabame ta’uu hin qabu.

6.1. Maalummaa Hiika Tokkummaa

Jechi tokkummaa jedhu “Konooniyaa” (koinonia) kan jedhu jecha Girikii irraa kan argame
yammuu ta’u, hiiki isaa hirmaachuu, tokkummaa uumuu, gumaacha gochuu kan jedhuu dha. (Fil.
1:3-5, 1Qor. 10:16-17). Kun Waaqayyoo wajjin tokkumaa uummachuu, qulqulloota isaa wajjin
tokkummaa uummachuu fi waan isa irraa fudhanne namoota biyya lafaatti dhugaa ba’uu
hammata.

6.2. Barbaachisummaa Tokkummaa Qulqullootaa

107

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

A). Kiristiyaanummaan dhaqna Kiristoosittii fi tokkummaa qulqullootaattii gargar nama baasu


hin jiru. (Efee. 4:3).

B). Kennaawwan hafuuraa garaa garaatiin guddachuu fi itti jabaachuuf tokkummaa


qulqullootaatu barbaachisa. (Rom. 12:4-21, Efe. 5:19, Qol. 3:13-17).

C). Kennaa Ayyaanaa nuuf kennameen ija godhachuu tokkummaa qulqullootaa nu barbaachisa.
(1Qor. 12:4-30, 1Qor. 14:26).

D). Dogoggora keenya sirreeffachuu fi karaa qajeelaa irratti of eegnee guddachuuf tokkummaa
qulqullootaa nu barbaachisa. (Ho.Er. 20:31, Rom. 15:14, Gal. 6:1, Qol. 3:16, 1Tas. 5:14).

E). Kufaatii irraa nu eeguuf akkasumas yeroo qorumsaatti nu bira dhaabatanii nu gargaaruuf
tokkummaa qulqullootaa nu barbaachisa. (Ho.Er. 12:1-5, Fil. 1:27).

F). Tajaajila jajjabinaa tokkummaa qulqullootaa keessaa arganna. (Ho.Er. 4:36, 2Qor. 1:3-4).

G). Tokkummaan qulqullootaa gara Kiristoositti guddachuuf nu garagaara. (Efe. 4:15-16,


Qol.2:19).

H). tokkumma qulqullootaa keessa eebba Waaqayyoo biraa abbomametu jira. (Far. 133:1-3).

6.3. Amaloota Tokkummaa Qulqullootaa

 Amantootni wal simachuutu isaan barbaachisa. (Rom. 15:7, Qol. 3:10-11).


 Kiristiyaanoonni karaa Kirsitoos dhiifamni nuuf ta’ee jennaan malee guutuu waan hin
ta’iniif walii walii keenya gidduutti walitti bu’iinsi dhalachuu danda’a. Kanaaf dhiifama
gochuu fi dhiifama argachuuf qophoofnee jiraachuutu nu barbaachisa. (Mat. 5:23-24,
Ho.Er. 15:36-41, Qol. 3:12-14, 1Phex. 3:8-9, 1Yoh. 3:14-18).
 Dhiifam argachuus gochuus kan dandeenyu waan keessa keenya jiru ifatti ibsinee yoo
qalbii jijjiiranne qofaa dha. (Mat. 18:15-20, Efe. 4:26-27, Ibr. 12:15-16).
 Tokkumma qulqullootaa eeguu kan dandeenyi sodaa Waaqayyoo qabaannee yeroo
jiraannuu dha. (ho.Er. 5:12-13)
 Amantootni tokkummaa hafuuraa eeguutu isaan barbaachisa. (Efe. 4:1-3).

6.4. tokkummaan Qulqullootaa Attamitti Jabaata?

108

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Tokkummaan namoota lafa irratti argaman hundinuu tokkummaa isaanii jabeeffachuuf waan
garaa garaa gargaaramuu danda’u. tokkummaan qulqullootaa garuu waantota itti aananii
dhiyaataniin jabaata.

6.4.1. Sagalee Waaqayyootiin

Waan hundumaa dura tokkummaan qulqullootaa kan jabaatu beekumsa sagalee Waaqayyoo
qabaachuudhaan. Yeroo beekumsi sagalee Waaqayyoo tokkummaa qulqulloota giddu jiru
amntootni akka jaalala Waaqayyootti deddeebi’u. yeroo kanatti tokkummaan isaanii akka
barbaachisutti guddachaa Waaqayyoonis gammachiisaa adeema. (Hose’i. 4:6).

6.4.2. Hafuura Qulqulluudha

Tokkummaan qulqullootaa waanti inni ittiin jabaatu keessaa inni lammaffan immoo gargaarsa
Hafuura qulqulluu ti. Gara tokkumaa isa dhugaatti namoota kan fidu Hafuura qulqulluu dha. Ija
hojii Hafuuraa keessaa inni ol aanaan jaalala akkuma ta’e iji kun immoo ol Waaqayyo abbaa
biraa kan dhufuu fi amantoota kan jabeessuu dha. (ho.Er. 2:1-3).

6.4.3. Kadhannaa

Waanti gara biraan tokkummaa qulqullootaa jabeessu immoo kadhata tokkummaa ti. Kutaan kun
kan nutti himu waa’ee kadhata Kiristiyaanni tokko isa gara biraaf godhuu utuu hin ta’in
qulqullotni walitti qabamanii kadhata isaan tokkummaadhaan godhatanii fha. (Ho.Er. 4:24-31).

Akkaataa Itti Kadhannaan Tokkummaa Qulqullootaa Jabeessu

 Yeroo qulqullootni dhiyaatanii inni tokko baa’aa isa kaanii kadhannaadhaan hirmaatu
tokkummaan qulqullootaa jabaata.
 Qulqullootni tokkummaadhaan kadhatanii umana Waaqayyoo argatu. (Ho.Er. 4:23-31)
 Qulqullotni yeroo tokkummaadhaan kadhatan karaa kennaa Hafuura Quqlqulluu walii
isaanii jajjabeessu. Sagalee Gooftaa dhaga’uudhaan qajeelfama wal fakkaataa fudhatu.
(Ho.Er. 13:1-3).
 Qulqullotni kadhata tokkummaatiin deebii argatanii galataaf yammuu walitti qabaman
Waaqayyoon waaqessuu baru.

109

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

6.4.4. Walii Wajjin Maaddiitti Dhiyaachuu

Tokkummaa qulqullootaa kan jabeessu waanti gara niraan immoo walii wajjin maaddiitti
dhiyaachuu dha. Kan gara walitti dhiyaachuu fi ba’aa walii baachuu fi waan qaban waliin
gargaaramuutti geessa. Inni tokko isa kaan garaaruuf waan karaa banuudhaan waanti isa tokko
keessa jiru isa gara biraatti darbee hir’ina walii guutuuf gargaara. Kun immoo tokkummaa
qulqullootaa daran jabeessa. (Ho.Er. 2:42, 1Qor. 11:24-26, 16:1-2).

6.5. Gufuu Tokkummaa

Waantotni waldaa Kiriatiyaanaa Keessaa Tokkummaa Hafuuraa Balleessan Gurguddoon Sadi’itu


Jira.

A). Inni jalqabaa bu’aa mataa isaanii argachuu namoota barbaadan yammuu ta’u, bu’aan isaan
barbaadan horr. Bakka ol aanaa, ulfina ykn ofii isaanii worra kaanii olitti ilaaluu ta’uu danda’a.
(Mar. 10:35-41, Ho.Er. 6:1-3).

B). Inni lammaffaan barumsaa fi shaakkallii haaraa ofii qaban namoota worra kaan fudhachiisuuf
namootni yaalii godhan namoota baayyee dogoggorsani gara ofii isaaniitti harkisuudhaan
tokkummaa hafuuraa diigu. (Gal. 1:6-7, 2Xim. 2:16-18).

C). inni sadaffaan wan qulqullummaa balleessu ykn namootni sababa cubbuun isaan hadoocheef
gara jabootaa fi qalbii jijjiirachuuf fedha dhabuu yammuu ta’u, keessumaa immoo gufuu
tokkummaa isa guddaa kan ta’e oduu , jette jettee, hamiin yeroo qulqulloota gidduu galu
tokkummaa qulqullootaa gidduutti qilleensi ka’uun isaa hin oolu. (fak. 16:28, 26:20-21, Yaq.
4:11). Waa’ee hamiif yaada gabaabduu itti aanu ilaalla.

 Umni dubbachuu waantota Waaqayyo nuuf kenne keessaa isa guddaa dha. Namni
dubbiidhaan Waaqayyoon galateeffachuu, kadhachuu, sagalee isaa barsiisuu fi worra
badan gara Kiristoositti fiduu danda’a. kun immoo waanta dinqisiisaa dha. Haa ta’u
malee namni afaanuma sanaan waan hamaa ykn soba dubbatee ykn nama hamatee
jireenya isaa ykn jireenya nama kan biraa balleessuu danda’a. kanaaf akka
Kiristiyaanaatti waan dubbatnuuf eeggannaa gochuutu barbaachisa. Bara kana hamiin
tokkummaa qulqullootaa (Waldaa Kiristiyaanaa) keessatti badii guddaa fidaa jira.

110

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Macaafni qulqulluun waa’ee eeggannaa arraba ofiif gochuu baayyee nu gorsa. (Far.
141:3-4, Fak. 12:22, 15:1, 18:21, Mat. 12:34, Qol. 4:6, Yaq. 3:1-12, 1Phex. 3:9-10).

Boqonnaa 7:- Lola Hafuuraatti Guddachuu

Amanaan tokko Yesuus Kiristoositti amanuudhan mootummaa dukkana keessaa gara


mootummaa ifaatti yammuu ba’u mootummaa dukkanaa keessaa lola jabaatu isa mudata. Diina
keenyaa fi tooftaa lola inni ittiin nun lolu baruun garuu lolicha mo’ichaan akka nuti xumurru nu
godha. Waa’ee lola hafuuraa yammuu yaannu Waaqayyoo fi seexana waliin madaalchifnee ta’uu
hin qabu.

7.1. Lolli Hafuuraa Maali?

Lolli hafuuraa amanaan tokko seexanaa wajjin, biyya lafaa wajjin, umna cubbuu fi fedha hamaa
foon isaa keessaa madduu wajjin falmii fi qabsoo cimaa inni godhuu dha. (Efe. 2:1-3). Biyya
lafaa keessa yeroo qajeelummaadhaan deddeebinu diina qajeelummaa isa ta’e seexana wajjin
yeroo hundaa lolatti galla. Lolli kana immoo amantootni foonii fdhiigaan godhu miti. (2Qor.
10:3-6, Efe. 6:10-12). Kiristiyaanummaan lola hin qabne karaa tokko ykn karaa biraa seexanaa
wajjin walitti dhufeenya qaba.

7.2. Diinni Keenya Eenyu?

Lolli jiraanaan diinni jira. Diinni Kiristiyaanaa immoo seexana ykn daabiloosii dha. (1Phex. 5:8).
Macaafni Qulqulluun akka nu barsiisutti Waaqayyo seexana diina godhatee utuu hin ta’in kan
inni uumeef akka inni isa tajaajiluuf ture.(Isa. 414:12-20, Hisq. 28:12-19). Haa ta’u malee yaadni
isaa Waaqayyoo irratti wan ol ka’ee of tuulummaatti galuudhaan cubbuu waan hojjeteef
Waaqayyo ulfina isaa irraa fuudhee isa gate. Erga gaafa gadi darbatameetii kaasee diina yaadaa
fi fedha Waaqayyoo akkasumas diina anootaa ta’e. seexanni jalqabumaa jalqabee cubbuu
hojjeteera. (Yoh. 3:8). Lubbuu ajjeesaa fi sobaa, abbaa sobaatis. (Yoh. 8:44). Akkasumas abbaa
namoota qajeelummaa jibbanii jal’ina duukaa bu’anii ti. (Yoh. 3:10). Daabiloosa isa biyya lafaa
kana soorratuu fi gooftaa namoota worra hin abboomanee waan ta’eef waan fedhe isaan
raawwachiisa. (Efe. 2:1-2).

7.3. Karaa Ittiin Seexanni Ilmaan Namootaa Lolu

111

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Diinni keenya seexanni karaa garaa garaa, yeroo yerootti akeeka isaa gegedderuudhaan,
Kiritiyaanota lola.seexanni karaawwan itti aanan kiristiyaanota lola.

7.3.1. Yaada Hamaa Gara Namaatti Erguudhaan Yaada Namaa Lola

Nama keessa yaada hamaadhaa fi cubbuu galchuudhaan nama lola. (1Sen. 21:1, Mar. 8:33, 2Qor.
11:3).

7.3.2. Fedha Fooniin Nama Lola

Foonii keenya cubbuu hojjetee Waaqayyoottii akka gargar ba’u akkasumas fedha foonii akka
nuti shaakallu gochuudhaan garboota cubbuu nu lola. (Ho.Er. 5:3, Gal. 5:16-21, 1Qor. 7:5).

7.3.3. Hammeessuudhaan Nama Lola

Amantoota ammeessuudhaan akkasumas amantoota amananii fayyan cubbuu duraanii


yaadachiisee hammeessuudhaan gammachuu fayyina isaanii irraa fuudhee isaan lola. (zak. 3:1,
Mul. 12:10). Cubbuu Waaqayyo nuuf dhiise akka waan nuuf hin dhiifamneetti
yaadnchisuudhaan yeroo hundaa gadda keessa akka nuti jiraannuf nu lola. Waaqayyo immoo
cubbuu keenya akka hin yaadanneef karaa dhiiga Yesuus nu qulleesseera waan ta’eef hadheessi
nu irra hin jiru. (Far. 103:12, Rom. 8:1, Ibr. 8:12, 1Yoh. 1:7). Akkasumas karaawwan kan biraa
baayyeetiin nama lola. Fkn; sagalee arrabsoo dhageesisuudhaan. (Mul. 13:5). Abjuutti namoota
du’an namatti agarsiisuu fi waantota jibbisiisoo ta’an baayyee namatti agarsiisuudhaan nama
lola. (Iyob. 7:14). Abujjutti ejjaan akka namni rakkatu gochuudhaan. (Mat. 12:43). Tooftaawwan
lolaa baayyee namatti qopheesse amanaan yeroo hudumaa gaddaa fi dhiphina keessa akka jiraatu
godhee nama lola.

7.3.4. Ulfinaa fi Bu’aa Biyya Lafaa Namatti Agarsiisuudhaan Nama Lola

Amantootni jalala Waaqayyoo caalaa bu’aa foon isaanii fi ulfina yeroo irra yaada isaanii akka
kawwatan godhee waan an qabu na ga’a jechuu dhiisanii biyya lafaa jaallachuudhaan waaqayyoo
isaanii irraa akka gargar ba’an gochuun akeeka seexanaa isa cimaa dha. (Mat. 4:8-10, 1Xim. 6:6-
10, 1Yoh. 2:15-17).

7.3.5. Barumsa Sobaatiin Nama Lola

112

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Barumsa dogoggoraa Waldaa Kiristiyaanaa keessa dhoksaadhaan galchuudhaan Kiristiyaanota


lola. Keesssumaa karaa bara kana seexxanni ittiin Kiristiyaanota camadee qabee jiru karaa
barumsa sobaa kana. Barumsa sobaa keessaa muraasni worra itti aananii dha.

 Ergaa Wangeelaa daldala gochuudhaan Kiristiyaanummaa fannoo hin qabnee fi


wangeelota kan biraa lallabuudhaan (Mat. 10:38,2Qor. 2:17, gal. 1:6-8).
 Maqaa shaakkallii Hafuuraatiin amantoota gara waaqeffanna kan biraatti oofuudhaan
(Ke.De. 13:1-4, Ho.Er. 8:9-11, 2Qor. 11:14, 2Tas. 2:9-10).
 Eenyummaa Kiristoos Waaqayyoo dhugaa fi nama dhugaa ta’uu isaa ganuudhaan (1Yoh.
4:2-3, sadan tokkummaa ganuudhaan (1Yoh. 2:22-23).
 Fayyina du’aa fi du’aa ka’uu Kiristoosiin argame seeraa sirna namootaatti gedderuudhaan
(Ho.Er. 15:1, Gal. 2:4-5, 1Xim. 1:3-7).
 Namootni tajaajiltoota Waaqayyoo akka Waaqayyootti akka ilaalanii fi akka waaqessan
gochuudhaan (Ho.Er. 12:21-23, 14:10-14).
 Ayyaanaa fi jaalala Waaqayyoo argatanitti akka malee dhimma ba’aii namootni cubbuu
jala akka jiraatan gochuudhaan (Gal. 5:13, 2Xim. 3:5-7, 2Phex. 2:17-19).
 Hojii seexanaa hojii Hafuura qulqulluu fakkeessee namoota gowwoomsuudhaan (Ho.Er.
16:16-18, 2Qor. 11:13-15, 2Tas. 2:9-10, 1Yoh. 4:1).

7.3.6. Namoota Ofii Isaanii Yaada Seexanaatti of Kennanitti Gargaaramee Nama Lola

Seexanni fedha ofii isaa qaba. Worri bittaa isaa jala jiranis fedha isaa duukaa akka bu’an
gochuudhaan meeshaa isaan godhatee ittiin qulqullota lola. (Ho.Er. 13:8-11, Yoh. 13:27).

7.4. Amantootni Attamitti Lola Seexanaa Mo’uu Danda’u

Seexanni kan inni mo’u worra Yesuus Kiristoositti hin amannee fi jaalala Waaqayyoo ala
jiraatan irratti malee qulqulloota irratti haboo hin qabuhaa ta’u iyyuu malee duuka buutota isaa
wajjin hanga galaana abiddaatti darbatamutti Waldaa Kiristiyaanaa lola. Kanaaf Waldaan
Kiristiyaanaa yeroo hundaa kan dammaqxee fi kan loltu ta’uu qabdi. Amanaan haboo isaaf
kenname beekuu dadhabee haboo isaa seexanaaf yoo kenne malee seexanni amanaa tokko irratti
haboo hin qabu. Amanaan lola seexanaa kan ittiin mo’u karaa garaa garaatu jira.

7.4.1. Kadhata.

113

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Kiristiyaanni yeroo hundaakadhatu qorumsa seexanaa jalaa ba’a. Akkasumas waan Waaqayyo
biraa ta’ee fi waan seexana biraa ta’e gargar baasee hubata. (Luq. 22:31-46). Waaqayyo
Kiristiyaanotaaf haboo hojii seexanaa hundumaa diigu kenneeraaf. Haboon isaanis maqaa fi
dhiiga Yesuus Kiristioosi ti. (Ho.Er. 4:7-10, Fil. 2:9-11, Mul. 12:11).

7.4.2. Hidhannoo Sagalee Waaqayyoo

Sagalee Waaqayyoo hidhachuudhaan diinota keenya mo’achuu in dandeenya. Yesuus kan inni
ittiin seexana mo’ate sagalee Waaqayyootiin. (Mat. 4:1-11). Macaafni qulqulluun kan ittiin
fayyina argannu qofaa utuu hin ta’in rakkoolee fi lola diinaa guyyaa guyyaatti nu mudatan
hundaattii kan ittiin hiikamanuu dha. (Efe. 6:17, Ibr. 4:12).

7.4.3. Jireenya Qulqullummaa

Kiristiyaanni yeroo hundumaa qulqullummaatti yoo deddeebi’e seexanni jireenya isaa mo’achuu
in danda’u. (Yoh. 14:30, Efe. 4:25-28, 6:14-15, 1Yoh. 3:7-8). Jirenya cubbuu keessa deddeebi’a
maqaa Yesuusiin seexana yoo ifanne hiika hin qabu. (Ho.Er. 19:13-16).

7.4.4. Hafuuraan Deddeebi’uu

Yeroo amantootni geggeessaa Hafuura Qulqulluu jalatti of eeganii jiraatan, deddeebi’anii, fi


ittiin geggeeffaman lola seexanaa mo’uu danda’u. yeroo hafuuraan deddeebinu karaa garaa garaa
jechuunis; yaadaan, dubbiidhaa fi gochaadhaan cubbuu hojjetamu mo’annee jiraachuu
dandeenya. (Rom. 8:9-14, Gal. 5:16, Mul. 1:10).

7.4.5. Mi’a Waraanaa isa Kan Waaqayyoo Uffachuu

Macaafni qulqulluun meeshaa waraanaa isa kan Waaqayyoo “guutummaatti hidhadhaa” jedhee
in dubbata. Guutummaati yeroo jedhu waan tokko iyyuu utuu hin anbisin jechuu dha. Yoo tokko
nutti hir’ate seexanni diinni keenya karaa sana nu argachuu danda’a waan ta’eef. (Efe. 6:11-17).
Meshaaleen waraanaa kunis dhugaa, qajeelummaa, wangeela nagaa, amantii, fayyinaa fi sagalee
Waaqayyoo ti.

Kiristiyaanni hundumtuu ijoollee Waaqayyoo waan ta’aniif seexana irratti haboo qabuu, hojii
isaas diiguu in danda’u. Akka nuti hojii isaa hin diigneef kan nu dhowwu meeshaa waraanaa isa
kan Waaqayyoo uffachuu dhiisuu, haboo keenya beekuu dadhabuu fi cubbuu qofaa dha. Haboo

114

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

nuuf kenname utuu beeknee seexanni miilla keenyaa gaditti kufee jira. (Luq. 10:19, Rom. 16:20,
Yaq. 4:7).

Boqonnaa 8:- Isa waaqayyo Dubbatu Dhaga’uutti Goddachuu

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos “hoolonni koo sagalee koo in dhaga’u” akkuma jedhe
Kiristiyaana tokkoof waan Waaqayyo dubbatu ykn sagalee isaa dhaga’uun barbaachisaa fi waan
filannoo hin qabnee dha. Waaqayyo baroota keessatti dubbachaa ture. Har’as bara keenyatti
ijoollee isaatti karaa garaa garaa sagalee isaa dhageesisa. Sagaleen Waaqayyoo walitti dhuffenya
nuti isaa wajjin qabnuuf baayyee barbaachisaa fi guddinni jireenya amantii keenyaa kan ittiin
safaramuu dha. Sagalee Waaqayyoo utuu hin dhaga’in jiraachuu irra kan caale jireenya badaan
hin jiru. (Uma. 3:8, Isa. 1:2, Yoh. 10:16, 27).

8.1. Waaqayyo Attamitti dubbata

Waaqayyo Kakuu Moofaa keessattis Kakuu Haaraa keessattis karaa baayyee fi bal’aa ta’een
dubbateera. Hunduma isaa ibsuun waan nu rakkisuuf warra jajjaboo ta’anii fi baayyee
barbaachisoo ta’an in ilaalla.

8.1.1. Sagalee Isaatiin In Dubbata

Karaa al aanaa fi guddaan nuti ittiin sagalee Waaqayyoo dhageenyu Macaafa Quqlqulluu dha.
Macaafni Ququlluun kan hin gedderamnee fi kan barri irraa hin darbine sagalee Waaqayyoo isa
jiraataa dha. Macaafni qulqulluun waan ittiin gedderamu hin qabu. Kanaaf Macaafni qulqulluun
karaa kennaa Hafuura Qulqulluu dhoksaa inni nutti dubbatuu fi sagalee raajii inni nuuf kennu
gedderuu ykn iddoo buusuu hin dandeenyu. Waldaa Kiristiyaanaa sagaleen isaa xiyyeeffannoo
itti hin kennamne keessatti sochiin hafuuraa dogoggora baayyee, gufachiisuu fi walaalchifamuu
baayyeetu jira. Waaqayyo sagalee isaatiin karaa garaa garaa dubbata. Fkn; yeroo nuti dhuunfaa
keenyaan macaafa qulqulluu qorannu, yeroo lallabaa, yeroo qorannaa Macaafa qulqulluu fi kkf
Gooftaan nutti dubbata. (1Sam. 3:21, Dan. 9:2, 2Xim. 3:16-17, 2Phex. 1:17-19).

8.1.2. Karaa Kiristoos Yesuus Dubbata

Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti raajotati gargaaramuudhaan karaa garaa garaa dubbachaa
ture. Nuti worra bara dhumaa kana keessa jiraanutti immoo ilma isaa isa tokkichaan nutti

115

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

dubbata. (Ibr. 1:1-2). Kanaaf barreessaan warra Ibirootaa yeroo dubbatu “nuti woraa bara
dhumaa kana keessa jiraannuutti karaa tokkicha ilma isaa nutti dubbata” jedha. Yesuus Kiristoos
karaa dhumaa fi karaa isa ol aanaa Waaqayyo ittiin nutti dubbatee dha. Sagalee Waaqayyoo kana
warra Yesuusiin hin fudhanneef karaa fooyya’aa gara biraa waan hin qabneef kan isaan eeggatu
murtoo malee kan biraa hin jiru. (Yoh. 5:24, Ho.Er. 3:21-23).

8.1.3. Sagalee Kallattiin Namatti Dubbata

Waaqayyo nama dhuunfaatti ofii isaa mul’isuudhaan kallattiin in dubbata. Kana Kakuu Moofaa
keessatti seenaa Abiraamii fi Musee irraa arguu dandeenya. (Uma. 12:12, 18:1, Se.Lak. 12:6-8).
Kakuu Haaraa keessatti immo seenaa Phaawuloos ilaaluu dandeenya. (ho.Er. 9:3-8).

8.1.4. Abjuudhaan Namatti Dubbata

Macaafni qulqulluun akka dubbatutti utuu nuti irriba keessa jirruu abjuudhaan nutti hin dubbata.
(Uma. 20:3-6, 41:1-8, Dan. 2:1-3, Mat. 2:12-13). Har’as Waaqayyo abjuudhaan nutti hin
dubbata. Haa ta’u malee waantota abjuutti arginuuf baayyee eeggannaa nu barbaachisa. Sababi
isaas akkuma Solomoon jedhu abjuun baayyina hojiitiin akkasumas sababa garaa garaatiin
namatti dhufuu danda’a waan ta’eef. (M.Lal. 5:3).

8.1.5. Mul’ataan Namatti Dubbata

Karaa gara biraan Waaqayyo ittiin dubbatu mul’ata. Mul’atni kan inni ittiin abjuutti gargar ba’u
abjuu irriba keessa taanee utuu jirruu hafuurri Waaqayyoo yaada keenya to’atee kan inni ittiin
nutti dubbatu yammuu ta’u, mul’atni garuu utuuma nuti of beeknee jirruu ija hafuuraa keenyaan
kan nuti arginuu dha. (Ba’u. 3:3, His. 1:1, dan. 8:1, Luq. 1:22, Ho.Er. 9:10, 10:3, Mul. 9:17).

8.1.6. Ergamootaan Namatti Dubbata

Tajaajilli ergamootaa baayyee bal’aa yoo ta’e iyyuu tajaajila isaanii keessa inni guddaan
qulqulloota isaa tajaajiluu fi gara isaaniitti ergaa Waaqayyoo fiduu dha. Fkn’ kakuu Moofaa
keessatti Aggaariif (Uma. 16:7-11), Abiraamiif (Uma. 22:11), Museef (Ba’u. 3:2), Geediyooniif
(Ab.Fr. 6:11-12(, Maano’eef (Ab.Fr. 13:9), akkasumas Kakuu Haaraa keessatti immoo
Maariyaamiif (Luq. 1:26-28), Zakkaariyaasiif (Luq. 1:11-12), Yesuusiif (Luq. 22:43),
Qerneliyoosiif (Ho.Er. 10:3), Pheexiroosiif (Ho.Er. 12:7), Phaawuloosiif (Ho.Er. 27:23)

116

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

ergamootaan ergaan utuu dhuufiif in argina.har’aas bara keenya keessatti ergamootni


Waaqayyoodhaan ergamanii qulqulloota isaf erguu in fiduu? Jennee yoo gaafanne;

Deebiin isaa eeyyee kan jedhuu dha. Hara’as bara kana bara dhumaatti Kiristiyaanonni baayyeen
karaa ergamootaa sagalee Waaqayyoo dhaga’aa jiru. Ergamootni Waaqayyoo biraa gara namaatti
malee nama biraa gara Waaqayyootti ergaa hin dabarsan.

8.1.7. Karaa Waldaa Kiristiyaanaa Namatti Dubbata

Kiristiyaanota warra jalqabaaf Waldaan Kiristiyaanaa bakka sagalee waaqayyoo itti dhaga’an
qoffaa, bakka umna Hafuura Qulqulluu itti argatan qofaa fi bakka itti jabaatan qofaa utuu hin
ta’in, bakka ittiin gorfaman, lafa itti qajeeluuf ifatamanii fi bakka itti qajeelfam jireenyaa
fudhatanii dha. (ho.Er. 2:42, 15:1-6, 20:31, Gal. 2:14). Har’as tokkoo tokkoon Kiristiyaanaa
qajeelfama jireenyaa yeroo barbaadu sagalee Waaqayyoo karaa Waldaa Kiristiyaanaa dhaga’uu
dha. Waldaa Kiristiyaanaa irraa qajeelfamni kennamu dhugaa ta’uu isaa fi ta’uu dhiisuu isaa
karaan ittiin beekan jira. Innis Macaafa Qulqulluu dha. Macaafa Qulqulluu wajjin kan walii hin
galle hundaa fudhachuun nu irra hin jiru. (1Phex. 4:11, 1Yoh. 2:27).

8.1.8. Karaa Kennaawwan Hafuura Qulqulluu Namatti Dubbata

Kakuu Moofaa keessatti namaa fi Waaqayyoo gidduu kan dhaabatu Angafa Lubaa ture. Tokkoo
tokkonn namaa sagalee Waaqayyoo dhaga’uudhaaf gara Anagafa Lubaa dhuff qaba. Kakuu
Haaraa keessatti garuu tokkoo tokkoon amanaa Luba yammuu ta’u, fuula Waaqayyoo duratti
dhiyaachuu fi sagalee isaa dhaga’uufis hundumatu haboo qaba. (1Phex. 2:9). Waaqayyo dhaqna
isaa kan taate Waldaa Kiristiyaanaa jabeessuuf karaa ittiin dhageesisu qopheesseera. Kunis
karaawwan kennaa Hafuura Qulqulluu ti.(1Qor. 14:26).

8.2. Amaloota Sagaleen Waaqayyoo Qabu.

Sagaleen Waaqayyoo amaloota ofii isaa qoaba.

A). Sagaleenn Waaqayyoo umna qaba. (Far. 29:3-9, Erm. 20:9, 23:28-29).

B). Ergaan sagalee Waaqayyoo kan irraanfatamnee dha. (Ho.Er. 22:6-7, 2Phex. 1:16-18).

117

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

C). Yeroo Waaqayyo sagalee isaa dhageesisu jireenya keenya keessatti hojii hojjeta., ija godhata,
akkasumas bu’aa buusa. (2Sam. 12:1-13, 1Mot. 20:27-29, Ho.Er. 9:1-6).

D). sagaleen Waaqayyoo ija jabummaa namaaf kenna. (Ab.Fr. 6:11-14, Dan. 10:15-19, Ho.Er.
18:9-11).

8.3. Karaawwan Ittiin Ergaa Madaaluu Dandeenyu

A). Ergaa nuti dhageenyu sagalee Waaqayyoo Wajjin wal simachuu qaba. (Ke.De. 13:1-4,
1Phex. 4:11, 2Phex. 1:19)

B). Sagaleen Waaqayyoo kan gargar adeemuu fi kan wal hin simanne mit. (Fak. 6:16-19, Yoh.
17:20-21, Rom. 16:17-18, 1Qor. 1:10).

C). Ergaawwan Waaqayyoo Yesuusiin ulfeessu. (Yoh. 16:13-14)

D). Yeroo Waaqayyo tajaajiltoota isaatiin nuti dubbatu hafuurrii keenya immoo dhugaa nuuf
ba’a. (Rom. 8:16, 1Yoh. 2:27).

E). Ergaa dhugaan in raawwatama. (Ke.De. 18:22, Iyasu. 21:45)

F). Waaqyyo ergaawwan garaa garaa dubbatee yaada isaa gegedderuudhaan nama hin
dogoggorsu. (Se.La. 23:19, Ho.Er. 27:25).

8.4. Sagalee Waaqayyoo Dhaga’uudhaaf Maal Gochuu Qabna

Waaqayyo Waaqa dubbatuu dha. Haa ta’u malee sagalee isaa kan nuti dhageenyu haala isa
dhaga’u keessa yeroo jiraannuu dha.

Sagalee Isaa dhaga’uudhaaf

A). Waaqayyoon dhaga’uu kan danda’an worra yeroo fudhatanii fuula isaa dura turuu danda’an
qofaa dha. (1Sen. 15:2, Ho.Er. 13:2).

B). Akka Waaqayyo karaa tokkicha qofa nutti dubbatuuf isa eeggachuun Sagalee Gooftaa akka
hin dhageenye nu godha. (Iyyob. 33:14).

118

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

C). Waaqayyo yeroo baayyee sagalee isaaa kan inni dhageesisu worra sagalee isaa dhaga’anii
abboomamaniif qofaa dha. (1Sam. 3:1, Iyob. 3:8-9)

D). Fuul Waaqayyoo dura qulqullummaatti deddeebi’uu barbaachisa. (far. 60:6, Isa. 59:1-3).

E). Sagalee Waaqayyoo dhaga’uudhaaf nuti namoota kan biraa irra ofii keenyaaf Waaqayyoon
dhaggeeffachuudhaan sagalee isaa dhageeffachuudhaan amala sagalee isaatii of keessatti
shaakaluu qabna. (Yoh. 10:27).

F). Akka Waaqayyo har’as dubbatee sagalee isaa nu dhaggeesisu amanuutu nu barbaachisa. (Ibr.
13:8).

Boqonnaa 9:- Hojiidhaan Wal-qabsiisuu

 Guddinni hafuuraa faarfataa ta’uudhaan, daaqonii ta’uudhaan, ykn tajaajila garaa garaa
kennuudhaan hin jalqabamu. Yeroo tokko tokko namootni bebbeekamoo fi sooressonni
fayyuudhaaf beekumsa ykn qabeenya waan qabaniif jireenya hafuuraa isaaniitti immoo
utuu hin guddatin gara tajaajilaatti dhufu. Kun Wakdaa Kiristiyaanaa keessattis rakkina
guddaa kaasa. Kanaaf beekumsaa fi qabeenya isaan qabaniin harkifamnee worra amala
niyya lafaattii adda hin ba’inii fi toora guddina hafuuraa keessa worra hin galiniif tajaajila
akka hin kennineef eeggannaa gochuutu nu irra jira. Namni gara Waldaa Kiristiyaanaa
dhufu hundumtuu jireenya hafuuraa keessa galuutu irra jira. Guddinni jireenya hafuuraas
karaa kutaan hin jiru.
 Har’a Waldaa Kiristiyaanaa keessatti sagalee Waaqayyo dhaga’anii guddachuu irra
sanbata guddaa fi yeroo garaa garaa gara waldaa Kiristiyaanaatti deddeebi’anii ergaa
darbu dhaggeeffachuu irraati hundaa’uudhaan kan jiraatan Kiristiyaanonni baayyee dha.
Amalli akkasii amantoota reefuu hafuuraan dhalatiif barbaachisaa dha. Garuu baraa
amma baraatti amala akkasii keessa jiraachuun baayyee hamaadhaa fi guddina kan hin
qabnee dha.kiristiyaanni tokko dhuunfaa isaatti sagalee Waaqayyoootti , kadhannaatti,
soomatti, amantiitti, tokkummaa qulqullootaatti, lola hafuuraa fi sagalee Waaqayyootti
guddachuutu irra jira. Karaan guddinaas Kiristoosiin fakkaachuutti yoo ta’uu baate
safartuun worri kan biraan gara karaa sirriitti nama hin geessan. Kanaaf guddinni keenya
gara Kiristoositti ta’uu qaba.

119

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Yeroo Yesuus fannoo irratti raawatame jedhe mana qulqullummaa keessatti waan tokkotu
ta’e. Golgaan Mana qulqullummaa gararraa dhaa hanga gajjallaatti iddoo lamatti gargar
tarsa’e. (Mar. 15:38). Mana qulqullummaa isa dur lubootni duwwaan galan amma karaa
Kiristoos hundumti keenya galuu dandeenye.karaa du’aa fi du’aa ka’uu Kiristoosiin
mo’ichawwan nuti arganne keessaa tokko luboota Waaqayyoo ta’uu dha. (1Phex. 2:9).
Kanaaf immoo Kiristoositti amanee amanan lammaffaa dhalate giddu galummaa tokko
malee sagalee waaqayyoo dhaga’uudhaa fi isa tajaajiluudhaaf carraa argateera. Garaa
garummaa tooko malee Waaqayyoon abbaa jennee waammachuudhaaf haboo mucummaa
fudhanne. (Rom 8:15). Kanaaf namootatti hirkannee jiraachuu irraa bilisoomnee gara ofii
keenyaaf Waaqayyoon kadhannee dhageesifachuutti darbuu qabna. Kiristiyaanni jireenyi
isaa gedderamee fi hafuurri isaa jiraataa ta’e hundi sagalee Waaqayyoo karaa garaa gara
fi amala garaa garaatiin dhaga’a. Obbolootaa fi obboleettota kennaa raajummaa fi
mul’ataa qaban nu barbaachisa. Haa ta’u malee jiraachuun obbolootaa fi obboleettota
kanaa itti dhiyeenyaa fi walitti dhuffeenya nuti Waaqayyoo wajjin qabnu dhossuun irra
hin jiru. Akeekni guddaan kennaawwan kanaa isuam nuti duraan dhaga’aa turee fi
dhuunfaa keenyattu shaakalaa turre kan nuuf jabeessan malee walitti dhuufenya nuti
dhuunfaa keenyatti Gooftaa wajjin qabnu kan bakka bu’anmiti.

Gaafiilee Keessa Deebii Barumsa Guddina hafuuraa

Dhugaa Ykn Soba Jedhii deebis

1. __________ Yeroo amantii jennu yaalii, miira, labsii fi fedhii calluma jedhamee
godhamu utuu hin ta’in waanta nuti abdii godhannu kan nuuf mirkaneesuu fi waanta nuti
amma ijaan hin argine kan nuuf mirkaneessuu dha.
2. ___________ Amanaan ykn Kiristiyaanni karaa raajotaa qofaa sagalee Waaqayyoo
dhaga’a.
3. ___________ Kadhnnaa jechuun tokkummaa jaalala nuti Waaqayyoo wajjin goonu ykn
haasaa yaadaanuti Waaqayyoo wajjin goonu, walitti dhufeenya cimaa, firooma
(Communication) , fi tokkummaa dha.
4. ___________ Akka macaafa qulqulluutti sooma jechuun nyaata gar tokko nyaannee isa
kaan irra dhorkaa ka’uu dha.

120

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

5. ____________ Lola hafuuraa Hafuuraa lola amanaan seexanaa wajjin, biyya lafaa wajjin,
umna cubbuu, fi fedha hamaa mataa ofii isaa wajjin godhuu dha.

Gaaffilee “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhuuf

“A” “B”

6. Tokkummaaa A). kadhata Haboon Godhamu


7. Kadhata Nuti Maqaa Yesuusiin kadhannu B). Amantii Du’aa
8. Lola Amanaan Seexanaa wajjin Godhu C). Sooma
9. Nyaataa fi Dhugaatii Irra Of Kutuu D). Lola Hafuuraa
10. Amantii Hojiin ykn Ijaan Mul’atu E). Amantii Xiqqoo
F). Galateeffachuu
G). Konooniyaa (Koinonia)

Qubee Deebii Sirrii Ta’e Qabate Filadhu

11. Amaloota amantii keessaa kan hin ta’in kam?


A). Amantiin Waaqayyootti amanuu irraa ka’ee waan Waaqayyo dubbate in raawwatama
jedhanii isatti amantii guutuu qabachuudhaan dhugoomfachuu dha.
B). Amantiin (waan yeroodhaaf mul’atu) dhiisuu dha.
C). Amantiin ejjennoo filannoo barbaaduu dha.
D). Amantiin gatii nama baasisa

12. Yeroo kadhannu eenyuun kadhanna

A). Waaqayyoon B). Ergamoota

C). Qulqulloota D). Hunduu deebii dha

13. Guddinni Hafuuraa Jechuun Maal Jechuu dha.

A). Kiristoos (Waaqayyoon) beekuutti guddanna

B). Gara nama guutuu ta’uutti guddanna

C). Nama Hafuuraa ta’uutti guddanna

121

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

D). Hunduu deebii dha

14. Karaawwan lola seexanaa keessaa kan ta’e kam>

A). Yaada hamaa gara yaada namaatti erguudhaan nama lola

B). Fedha fooniitiin nama lola

C). Barumsa sobaatiin nama lola

D). Hunduu deebii dha

15. Bu’aa nuti guddina keenyaaf sagaleee Waaqayyoo irraa argannu maal?

A). Sagaleen Waaqayyo nyaata waan ta’eef guddina jeenya hafuuraa keenyaaf

baayyee barbaachisoo dha.

B). Sagaleeny Waaqayyoo sagalee ayyaanaa waan ta’eef guddina jireenya hafuuraa

keenyaaf baayyee barbachhisaa dha.

C). Sagaleen Waaqayyoo meeshaa lola hafuuraa waan ta’eef bu’aa qaba.

D). Hunduu deebii dha.

16. Karaawwan Waaqayyo Ittiin Dubbatu Keessaa Kan Ta’e Kam?

A). Karaa sagalee isaatii B). sagalee kallattiidhaan

C). Mul’ataan D). Hundii deebii dha

17. Tokkummaan Qulqullootaa Maaliif Gargaara?

A). Dhaqna Kiristoositti, Waldaa Kiristiyaanaatti, tokkummaa qulqullootaatti, gargar

ba’ee Kiristiyaanni jiraatu hin jiru.

B). Kiristiyaanni tokko Kennaawwan warra gara biraadhaan jabaachuu fi guddachuuf

tokkummaa qulqullootaatu barbaachisa.

122

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

C). Of sirreessuu fi karaa sirrii qabannee guddachuuf tokkummaa qulqullootaa

nu barabaachisa

D). Hunduu deebii dha.

18. Waa’ee ofii keenyaaf utuu hin ta’in waa’ee worra kaaniif kadhatni nuti kadhannu

maal jedhama

A). Kadhata umnaa B). Kadhata qalbii jijjiirrannaa

B). Kadhata waantoota garaa garaaf godhamu D). Galateeffachuu

Gaaffilee Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19. Guddina Hafuuraa jechuun maal jechuu dha? Hiikawwan saddettan barte keessaa 3ibsi.

20. Waa’ee Guddina Hafuuraa yeroo dubbannu gara eenyuutti akka guddannu yaadna.

Barumsa 6:- Barumsa Waa’ee Ergamootaa, Durbee Qulqullooftuu Maariyaam,


Qulqulloota, Fakkeenyota Garaa Garaa (Fannoo), Taabotaa, fi Waa’ee Rakkatoota
gargaaru

Boqonnaa 1:- Barumsa Waa’ee Ergamootaa

123

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Maqaan ergamoota jedhu kun maqaa baayyeen ittiin waamaman yammuu ta’u, qeenxeedhaan
immoo ergmaa jedhaama. Ergamaa jechuun afaan worra Girikiitiin “Anjeloos” yammuu
jedhamu, afaan Ibiraayisxiitiin immoo “Malak” jedhama.

1.1. Uumamaa fi
Eenyummaa Ergamootaa

A). Ergamootni qaama mul’atu kan hin qabne yammuu ta’an kan isaan ittiin jiraatana qaama
Hafuuraa ti. (Far. 104:4, Ibr. 1:14).

B). Ergamootni lakkoofsa ammamii akka qaban hin beekamu. (Dan. 7:10, Ibr. 12:22, Mul. 5:11).

C). Ergamoota kan Uume Waaqayyoo dha. (Nahi. 9:6, Far. 148:2-5, Qol. 1:15-16), akkasumas
beekumsa, miira fi fedha qabu. (mat. 13:39, Luq. 15:10, 1Phex. 1:12).

D). Ergamootni kan hin fuune yammuu ta’an, akkasumas ilmaan namootaa irra beekumsaa fi
umna kan qaban yammuu ta’an, garuu immoo Waaqayyoon ykn akka Waaqayyoo ta’uu hin
danda’an. (Luq. 20:34-35, Ibr. 2:6-7, 2Phex. 2:11).

E). Ergamootni tokkoo tokkoon isaanii itti gaafatamaa fi haboo garaa garaa qabu. (Dan. 10:21,
1Tas. 4:16, Yihu. 1:9).

1.2. Maqaawwan Ergamootaa

Ijoollee Waaqayyoo jedhamaniiru (Iyob. 1:6), Hafuurota (Ibr. 1:7), Eegdota qulqulluu (Dan.
4:13), worra teessoo ulfinaa irra ta’an, ajajoota, habo qabeeyyi, fi umna qabeeyyi jedhamu. (Efe.
1:12, Qol. 1:15-16), Kiruubel (Uma. 3:24), Sraafel (Isa. 6:2).

1.3. Gosoota Ergamootaa

Waluma galatti Ergamootni bakka lamatti hiramu. Isaanis ergamoota ifaa (qulqulloota ergamoota
Waaqayyoo) fi ergamoota dukkanaa (ergamoota worra kufan) jedhamanii beekamu.

1.3.1. Ergamoota Ifaa (Qulqulloota Ergamoota Waaqayyoo)

Ergamootni kun amanamummaadhaan Waaqayyoo duratti kan tajaajilan, ergaa Waaqayyoo


namoota biraan kan ga’anii dha. (Luq. 1:18-19, 26:38, 1Xim. 5:21, Mul. 5:11-12).

A). Qulqullotni ergamoota Waaqayyoo ergaa Waaqayyoo isa biraa fuudhanii gara namaa fidu
malee nama biraa gara Waaqayyootti ergaa hin geessan. (Mat. 28:1-7, Luq. 2:8-15).

B). Qulqullootni ergamoota Waaqayyoo Sagaduufii, Waaqeffamuu fi Faarfatamuu nama irraa


hin barbaadan. (Lal. 13:15-16, Mul. 19:10, 22:8-9).

C). Qulquulootni Ergamoota Waaqayyoo akka Waaqayyoo waan hin ta’iniif bakka bakkaan kan
murta;anii dha. (Lal. 13:8-14, Dan. 10:13).

124

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

1.3.1.1. Qulqulloota Ergamoota Waaqayyoo Kan Jedfhaman Worra Kam?

Akka guutummaan 66 Macaafota qulqulluu ibsanitti ergamoota waliinii baayyatanii maqaa


tokkoon kan waamaman Kiruubelii fi Soraafel kan jedhamanii dha. (Uma. 3:24, Isa. 6:2).
Dhuunfaadhaan kan waamaman immoo Mikaa’elii fi Garbeel jedhamu. Mikaa’el angafoota
ergamootaa akka ta’e ibsameera. (Dan. 8:16, Yihu. 1:9). Ergamootni Waaqayyoos lakkoofsaan
baayyee akka ta’an macaafni Qulqulluun in dubbata. (Mul. 5:11-12).

1.3.1.2. Tajaajila Qulqulloota Ergamoota Waaqayyoo

 Fuula Waaqayyoo dura ijaajanii isa Waaqessu. (Far. 148:2, Isa. 6:2-4, Mat. 185:10,
Ibr.1:6, Mul. 5:11-12).
 Saba Waaqayyoo in eeguu, in tajaajiluu, harka diina isaanis isaan oolchu. (Uma. 19:15-
17, Far. 91:11, 1Mot. 19:5, Dan. 3:28, 6:22, Ho,Er. 5:19, 12:7-11).
 Tajaajiltoota Waaqayyoo in geggeessuu in jajjabeessus. (Mat. 28:5-7, Ho.Er. 8:26, 27:23-
24).
 Jaalala Waaqayyoo namoota hubachiisu. (Iyob. 33:23, Zak. 1:9, 19, Dan. 7:16, 10:11-14,
RMul. 1:1)
 Murtoo Waaqayyoo saba irratti ykn namoota dhuunfaa irratti raawwatu. (Uma. 19:12-13,
2Sam. 24:16, Hisq. 9:1-2, Ho.Er. 12:13, Mul. 16:1).
 Bara dhumaa yeroo Yesuus umna isaa fi ulfina isaan deebi’ee dhufu worra fo’aman golee
arfan keessaa walitti qabu. Mat. 24:31).

1.3.1.3. Walitti Dhufeenya Qulqullootni Ergamoota Waaqayyoo Amantootaa Wajjin


Qaban.

Ergamootni Waaqayyoon uumaman. Kanaaf uumama malee uumaa miti jechuu dha. Hojiin
isaanii inni guddaan Waaqayyoon waaqeffachuu dha. Ergaa Waaqayyoo irraa gara namaatti
dabarsuu dha. Kanaaf ergamootni waaqeffamuu, sagadamuufinii fi akka waan bakka bu’anii
namaaf kadhataniitti lakka’amuun, akkasumas maqaa isaaniin kadhachuun hin ta’u. ergamootni
tajaajiltoota ykn hojjetoota Waaqayyoo ti. (Luq. 1:26-38, Gal. 1:8, 2Qor. 11:13-14, Mul. 19:9-
10, 22:8-10). Kanaaf amantootni ergamootna Waaqayyoo ulfinaan ilaaluunii fi ergaa isaan
Waaqayyoo biraa fidan hubatanii fudhachuutu isaniif ta’a. Ergamoota nuti raawwatee ajejuunii fi
ergachuun nuuf hin danda’amu. Ergamaa isaa isiniif erga jedha malee ergamoota WEaaqayyoo
ergattu hin jedhu waan ta’eef. (Far. 91:11).

Ergamaa Waaqayyoo:- inni Kakuu Moofaa keessatti ergamaa Waaqayyoo jedhamee


waamamaa ture worra kaanitti adda ba’ee inno ofiima isaaf Waaqayyoon akka ture macafni
qulqulluun iddoo baayyetti dubbata.ergamaan Waaqayyoo akka Waaqayyootti dubbata, akka
Waaqayyootti ofii isaa ibsa, akkasumas amala Waaqayyoo fi hojii isaa hojjeta ture. (Uma. 16:7-
12, 21:17-18, Ba’u. 3:2, Lal. 2:1-4, 5:23, 6: 11-24, 13:3-22, 2Sam. 24:16, Zak. 1:12, 3:1, 12:8).
Erga Yesuus dhufee waa’ee ergamaa Waaqayyoo isa kanaa kutaa Macaafa Qulqulluu kam

125

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

keessatti iyyuu ibsamee hin arginu. Kanaaf Kakuu Moofaa keessatti ergamaa Waaqayyoo
jedhamee mul’achaa inni ture Waaqayyoo ykn Yesuus turee jechuu dha. (Yoh. 8:58) Theophany
ykn Christophany jedhamuudhaan afaan tee’uloojiitiin beekama.

1.3.2. Ergamoota Dukkanaa(Ergamoota Worra nKufan)

Ergamootni dukkanaa yeroo jalqabaa qulqulloota ergamoota Waaqayyoo ta’anii uumamanii


turan. Haa ta’u malee baayyeen isaanii Waaqayyoo irratti ka’uudhaan cubbuu waan hojjetaniif
gadi darbatam. Ergamootni gadi darbataman kun ergamoota dukkanaa jedhamu. (Isa. 14:12-17,
His. 28:13-17, Mul. 12:3-4).

Seexanaa fi ergamootni isaa kufaatii isaanii fuula dura ulfinaa fi haboo isaan Waqayyoo biraa
qaban kufaatii isaaniin dhabaniiru. Ergamoota kufan kana keessa dukkana lafa jalaa keessatti
hidhamanii murtoo eeggachaa kan jiran ergamootni gara jabeeyyin kan jiran yammuu ta’u, worri
kaan immoo biyya lafaa irra olii gadi naanna’uudhaan hojii hammeenyaa raawwachaa jiru.
(1Phex. 5:8, 2Phex. 2:4, Yihu. 1:16). Ergamootnmi worri kufan kun lakkoofsi isaanii baayyee
kan baayyatu ymmuu ta’u, ajajaan isaanii inni guddaanii fi dura bu’aan isaan seexana ykn
Luusifer jedhama. (Mat. 25:41, Mul. 12:9).

1.3.2.1. Seexana ykn


Luusfer

Seexanni afaan Ibiraayisxiitiin “Dgoggorsaa. ykn Mormituu” jechuu dha. Kanaaf seexanni
mormituu Waaqayyoo fi duraa hammeenyaa, jallina hundumaa, akkasumas ajajaa ergamoota
kufanii ti. (Ho.Er. 26:17-18, Mul. 12:9). Amma guyyaa murtoo isa dhumaattis haboo biyya lafaa
kana seerratu qabaachuudhaan jiraata. )Yoh. 14:30). Cubbuu kan jalqabe seexana (yoh. 3:8).

1.3.2.2. Maqaawwan Kan


Biraa Seexanni Ittiin Waamamu

Daabiloos (Mat. 4:1, Mul. 12:9). Bofa (Uma. 3:1, 2Qor. 11:3, Mul. 12:9), Bi’eel Zeebul (Mat.
12:24), Jawwee (Mul. 20:2), Isa Biyya Laafaa kan Seerratu (Yoh. 12:31), Waaqayyo Biyya
Lafaa Kanaa (2Qor. 4:4), Hamaa (1Yoh. 2:13), ajajaa isa qilleensa irratti haboo qabu (Efe. 2:1-
2), Isa nama qoru (Mat. 4:3), Hattuu (Yoh. 10:10), Abbaa sobaa (Yoh. 8:44), Lubbuu ajjeesaa
(Yoh. 8:44), Isa Nama Hammeessu (Mul. 12:10). Belihor (2Qor. 6:15), Aphiiliyoon (Mul. 9:11).

1.3.2.3. Hojiiwwan
Seexanaa fi Ergamoota Isaa

Akeekin guddaan ergamoota kufanii fi ajajaa isaanii kan ta’e seexanaa Waaqayyoon mormuu fi
akeekni isaa akka karaatti hafu gochuu dha.

Kana galmaan ga’uuf immoo hojiiwwan garaa garaa hojjrtu;

126

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Sagalee Waaqayyoo garaa namaa keessaa hatuu (Luq. 8:12)


 Hojii Waaqayyoo keessatti inkirdaada biqilchuu ykn barsiisa sobaa galchuu. (Mat. 13:24-
30, 1Xim. 4:1)
 Qulqulloota cubbuu hojjechiisuudhaan dogoggorsanii Waaqayyootti gargar baasuuf yaalu
(Luq. 22:3-6, 2Qor. 11:3, 1Tas. 3:5).
 Yaada worra hin amannee hadoochuudhaan jaalala isaanii akka godhan gochuu (Efe. 2:1-
2, 2Qor. 4:4)
 Qulqullootni ergamootni Waaqayyoo hojii isaanii akka barbaachisutti akka hin
raawwanneef mormuu (Dan. 10:12-13, Mul. 12:7)
 Sammuun namaa fi fayyinni namaa akka badu gochuudhaan nama ajjeesuu (Mat. 9:32-
33, Mar. 5:1-16, Luq. 13:16, Yoh. 8:44, Ho.Er. 10:38, Mul. 2:10).
 Nama qofaa utuu hin ta’in beelladoota keessa illee ta’uudhaan dhala namaa qoru. (Mar.
5:8-14)
 Namoota worra akka jaalala Waaqayyootti hin jiraannee fi hin abboomamneetti
gargaramu (1Mot. 22:19-23, Yoh. 13:27).
 Dinqiiwwan sobaa fi waantota ajaayibsiisoo ta’an garaa garaa hojjechuudhaan,
akkasumas ergamaa ifaa of fakkeessuudhaan namoota dogoggorsu (Ba’u. 7:11-13, Ho.Er.
8:9-13, 2Qor. 11:14, 2Tas. 2:9-10).
 Karaa garaa garaatiin qulqulloota loluu fi hojiin Waaqayyoo akka hin raawwatamne
danquu dha (Dan. 10:13, 1Tas. 2:18)
 Qulqulloota hammeessuu (Zak. 3:1-2, Mul. 12:10).
 Akka leenca barooduu naanna’ee aadaa (1Phex. 5:8-10)
 Amantoota keessaa amantii balleessuuf yaalu (Luq. 22:31-32).
1.3.2.4. Hafuura Hamaan
Guutamuu

Hafuurri hamaan namatti ykn beelladootatti akka galu macaafni qulqulluun in dubbata (Luq.
8:26-38). Amanaan Hafuura Qulqulluudhaan lammaffaa yoo dhalate fi geggeessaa Hafuura
Qulqulluu yoo gale hafuurri hamaan isatti galuu hin danda’u. (1Qor. 6:19-20, Efe. 1:13-14). Haa
ta’u iyyuu malee hafuuronni hamoon bakkee ta’anii amanaa loluu in danda’u. (Mat. 16:21-23,
2Qor. 12:7). Namni hidhaa seexanaa jala jiru kan inni bilisa ba’uu danda’u kadhata haboo maqaa

127

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Yesuusiin godhamu qofa. (Mat. 16:10:1, Ho.Er. 16:16-18). Namni erga hidhaa hafuura hamaa
jalaa bilisa ba’ee booda walitti fuufinsaan sagalee Waaqayyoo qorachuu, kadhata walitiit fufuu fi
gorsaa isa barbaachisa. Namichi erga bilisa ba’ee booda gara shakala isaa isa duraa (mooruu,
qoricha manatti gochuu fi ejja) akkasumas kan kanafakkaatu keessa deddeebi’uu hin qabu.
Cubbuu isaa durii ykn seexana waaqessuuttii deebi’uu yoo dadhabe carraan deebi’ee hafuura
hamaan qabamuun isaa bal’aa dha. (Luq. 11:24-26).

1.3.2.5. Haboo Qulqullootni


Seexanaa fi Ergamoota Isaa Irratti Qaban

Ergamootni kuffan raawwatee diina qulqulloota lammaffaa dhalatamnii ti. Kanaaf immoo
Kiristoosiin fakkaachaa akka isaan hin guddanneef akkasumas hojii Waaqayyoo akka isaan hin
hojjenneef isaan lola.

Walumaa galatti:-

 Amantootni lola gargar hin cinne seexanaa fi ergamoota isaa wajjin qabu. (1Phex. 5:8).
 Yesuus Kiristoos fannoo irratti du’ee du’aa ka’uu isaatiin aangoo seexanaa diigee waan
mo’eef.
 Worri maqaa isaatti amanan hundumtuu hirmaattuu mo’icha isaatii ti. (Qol. 2:15, Mul.
12:11);
 Mqaan Yesuus Kiristoos Waaqa irattis, Lafa irrattis, Lafa jalattis haboo qaba. (Efe. 1:20-
22, Fil. 2:9-11)
 Amanaan Maqaa Yesuusiin seexanaa fi ergamaa isaatiin mormuu fi mo’ichuuf haboo
qaba. (Luq. 10:17-20, 1Phex. 5:8-9).
 Amanaan namoota seexanaan qabaman bilisa baasuuf haboo qaba. (Mat. 10:1, Mar.
16:17).
1.3.2.6. Dhuma Seexanaa fi
Ergamoota Isaa

Seexannii fi ergamootni isaa dhuma isaaniif duraan dursee ykn erga kufaatii isaaniitii jalqabee
kan isaaniif qophaa’e galaana ibiddaatti gatamuu fi baraa baraan gaanamitti gubachuutu isaan
eeggata. (Mat. 25:41, 2Phex. 2:4, Yihu. 1:6, Mul. 20:10).

128

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Boqonnaa 2:- Taabota (Ark of the Covenant)

Jechi taabota jedhu “teebuuhahi” kan jedhu jecha Ibirootaa kan bakka bu’u yammuu ta’u, hiiki
isaa saanduqa of keessatti mi’a qabachuu danda’u jechuu dha. Jechu kun bidiruu Nohii fi bidiruu
Musee ibsuudhaaf gargaareera. Macaafa Qulqulluu keessatti jechi taabota jedhu bidiruu kakuu
Waqayyoo hubachiisa (Ba’u. 25:10:22).

2.1. Akkaataa Ittiin Taabot Hojjetamu

Taabot kan hoojetamu muka laaftoo fi warqee qulqulluu irraa yammuu ta’u dheerinni isaa
dhuunnuma lamaa fi walakkaa ykn meetira 1.25 yammuu ta’u, dalgi isaa dhuunnuma tokkoo fi
walakkaa ykn seentii 75, hojjaan isaas dhuunnma tokkoo fi walakkaa ykn seentii 75 keessa isaa
fi ala isaatti warqee qulqulluudhaan kan golboobame yammuu ta’u, qabachhuf akka mijatanitti
qabattoolee warqeedhaa fi laaftoo irraa hojjetaman of irraa qaba. Itti dabalees qadaaddii warqee
irraa hojjetame qaba. Kiruubelootni warqee irraa hojjetaman lamas qadaaddii isaa irra karaa
fuula duraa ka’aman jiru. Waaqayyos kiruubeloota sana lamaan gidduutiin goree Musee fi
Sabatti dubbachaa ture. (Ba’u. 25:10-12, 37:1-9). Mi’a taabot irraa hojjetamuu fi safara inni ittiin
hojjetamu kan filu Waaqayyoo dha.

2.2. Tajaajila Taabotaa

129

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Yeroo Macaafa Qulqulluu keenya qorannu taabot tajaajila itti aanan qaba

A). Gabatee kakuu Waaqayyoo , ulee Aaronii fi ta’umsa isaa qaba.(ba’u. 16:33-34, 25:16-21,
Lak. 17:10, 1Mot. 8:9, Ibr. 9:4),

B). Karaa ittiin sagalee Waaqayyoo dhaga’anii dha. (Ba’u. 25:22, Lak. 7:89)

C). Mallattoo argamuu Waaqayyoo ti. (Ba’u. 25:22, Lawo. 16:2).

2.3. Fakkenyummaa Taabootaa

Meeshaaleen taaboticha keessa jiranii fi taabotichi fakkaattii Gooftaa Yesuus turan (Qol. 2:17,
Ibr. 8:1-5).

 Taabotni muka laaftoo fi warqee qulqulluu irraa kan hojjetame yammuu ta’u, Yesuus
Kiristoos nama dhugaa fi Waaqayyoo dhugaa ta’uu isaa ibsa. (Yoh. 1:14).
 Gundoon warqee maannaa baatu buddeena jireenyaa ta’ee isa waaqa irraa gadi bu’e
Yesuusiin ibsa. (Yoh. 6:30-35).
 Uleen Haroon isheen lalistuun kan isheen agarsiiftu Yesuus Kiristoos isa Luba dhugaa
Kakuu Haaraa dha.
 Gabateen kan inni agarsiisu seera Waaqayyoo ti. Kakuu Haaraa keessatti seerri dhagaa
irrati caafamee nuuf kennamu hin jiru. Yeroo Yesuus keessa keenya galu seerri isaa
immoo gabatee garaa keenyaa irratti nuuf caafama. (Far. 40:8, Erm. 3:33).
 Akeek qadaaddin isaa immoo saban sagalee Waaqayyoo akka dhadga’uufii dha. Kakuu
Haaraa keessatti karaa Waaqayyo ittiin saba isaatti dubbatu Yesuus Kiristoosii dha. (Ibr.
1:1-2). Kakuu Moofaa keessatti dhiifama cubbuu argachuuf Lubni Waggaatti si’a tokko
dhiiga fudhatee ol lixuudhaan qadaada dhiifamni irratti godhamu irratti facaasa. Kakuu
Haaraa keessatti Yesuus Kiristoos dhiiga ofii isaatii dhangalaasee gara abbaa isaatiitti ol
galee karaa isaa fayyina arganne. (Ibr. 9:11-14).

2.4. Taabotni Kakuu Eessa Ga’e

Namootni garaa garaa bara garaa garaa keessatti ka’anii yaada garaa garaa fi ilaalcha ofii isaanii
kaasaniiru. Isaan keessaa muraasa ilaalla.

130

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

2.4.1. Gara Baabiloonitti Fudhatame Kan Jedhan Jiru

Mootniin Baabiloon motichi Nabuukadinaazor Yerusaalemiin yeroo qabateetti mi’a mana


qulqullummaa yeroo saamee tarii Taabotni kakuu duukaa fuudhameera ta’a kan jedhan
tilmaamni tureera. (Izraraa Sutu’el 9:21-22, Izraa Kali’I 1:54).

2.4.2. Lafatu Liqimse Kan Jedhan Turaniiru

Yaadni gara biraan immoo yeroo boojuu Baabiloon lafti liqimsiteetti kan jedhuu dha. (Tarafa
Ermiyaas 8:13)

2.4.3. Gara Itiyoophiyaa Dhufe Kan Jedhus Jira.

Yaadota worra kan biraa caalaa bal’inaan yaadni dubbatamu yaada isa kan yammuu ta’u,
Mootuu Saabaan Solomooniif kan deesse Minilik gara Itiyoophiyaatti fidee akka dhufe
kibiramangist macaafni jedhu in dubbata.

2.4.4. Dhoksaadhaan Naannoo Mana Qulqullummaa Taa’eera Kan Jedhus Jira

Yaada worra Yihudotaa biratti baayyee fudhatamaa ta’e yammuu ta’u, gaaram manni
qulqullummaa irratti ijaarame jala dhagaa Ba’es-Saakiraa jala dhoksaadhaan ka’amee jira
jedhanii amanu. Tokko tokko immoo qilee Galaana Du’aa bira jiru keessa dhokatee jira jedhu.

2.4.5. Mana Qulqullummaa Wajjin Gubateera Kan Jedhanis Jiru

Worri Baabiloon yeroo mana qulqullummaa guban wajjin gubaniiru yaadni jedhu dubbatamaa
ture. Yeroo Macaafa Qulqulluu keenya qorannu worri Baabiloon akka isaan mana qulqullummaa
guban nutti hima. Waa’ee taabotaa garuu waan inni nutti him tokko hin jiru. (2Mot. 25:8-9,
2Sen. 36:19).

2.5. Taabota Kakuu Haaraa Keessatti

Macaafota 27 Kakuu Haaraa keessaa waa’een taabota kan inni dubbatame bakka lama qofatti
(Ibr. 9:4, Mul. 11:19). Ibroota 4:9 irratti waa;een taabota kan ibsameef waa’ee kakuu isa duraanii
ibsuuf jedhamee ti. Lakkoofsa 9 irratti “kunis fakkeenya yeroo ammaa ti” jedha. Taaboticha

131

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

dabalatee waantotni Kakuu Moofaa keessatti ta’an hundi fakkeenya Kiristoos akka ibsan
hubachiisuuf abbaan ergaa Ibirootaa waa’ee taabotaa caqase. Mulata 19 irratti immoo “mana
qulqullummaa Waaqayyoo inn Waaqa irraa in baname taabotichis iddoo qulqulluu irratti
argame” jedha. Taateen kun akka nu hubachiisutti Yohaannis kan inni arge mul’ata ture. Mul’ata
kanaan waantotni argaman bakakkaa, babbalaqqee, sochii lafaa, fi diilalla guddaa dha. Hiikni
mul’atichaa immoo Kakuu Haaraa keessatti taabotatu barbaachisa jechuudhaaf utuu hin ta’in,
bara dhumaa irratti biyya lafaa isaa hamaa irratti badiisa dhufu ibsuudhaaf mul’ata kennamee
dha. Yesuus Kiristoosis, Ergamootnii fi tajaajiltootni Kakuu Haaraa isaan boodaan ka’anis
taabotni qulqulloota gidduu akka jiraatuu fi akka waaqeffamu hin barsiifne. Garuu tajaajilli
taabotaa Kakuu Haaraa keessatti akka raawwate cimsanii barsiisaniiru (2Qor. 3:6-11, Ibr. 9:1-5).

2.6. Tajaajilli Taabotaa Maal?

Amantoota Kakuu Haaraa keessa jirruuf nuti worra Itiyoophiyaa dhiisii worra Isiraa’eliif
taabotni hin barbaachisu.

Sababni isaa:-

 Raajichi Ermiyaas waa’ee taabotichaa akkana jedhee dubbateera “bara sanatti taabota
kakuu Waaqayyoo jedhanii deebi’anii hin waaman, hin yaadatan, hin hubatan, hin
fedhanis kun lammaffaa deebi’ee hin godhamu jedha” (Erm. 3:16). Akka Kakuu
Moofaatti seerri caafamee kennamuuf hin jiru seerichi yaada garaa isaaniitti waan
caafamuuf jedha (Erm. 31:31-34, Ibr. 8:10, 10:15-16).
 Tajaajilli KLakuu Moofaa hundumtuu Yesuus Kirisatoosiin xumura argateera. (Mat.
5:17, Luq. 24:44, 2Qor. 3:7-11, Ibr.7:18-19).
 Waaqeffannaa isaa Waaqayyo qofaaf ta’u waan harka n amaan hojjetameef gochuun
cubbuu waaqa tolfamaa waaqessuun ta’uu wajjin wal qixxee dha. (Ke.Ge. 4:15-19, Isa.
40:18),
 Taabotni bara kana biyya keenya keessatti argaman taabota isa Kakuu Moofaa sanaa
wajjin guddina isaaniitiin, roga isaaniitiin, bal’ina isaaniitiin akkasumas caaffata (waan
ittiin caafameen) isaan irratti caafameen raawwatanii garaa agarummaa qabu.

132

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Akkuma sagalee Waaqayyoo irraa arginetti saba Isiraa’eliif taabotni kenname Kakuu
Haaraa Keessatti Yesuus dhuufuu isaatiin haqameera. Taabotni kakuu inni dhugaan
Yesuus laphee keenya keessa jiraata. (1Qor. 6:19-20, Qol. 1:27).

Boqonnaa 3:- Qulqullootaaf Ulfina Kennuu, Sagaduufi fi Isaaniin Kadhachuu


Ilaalcha Macaafa Qulqulluutiin

Worra qulqullootaa fi qajeelota kadhachuun, isaaniif sagaduunii fi waaqessuun in ta’a moo hin
ta’u isa jedhu ilaaluu keenya dura macaafni qulqulluun waa’ee qulqullootaa kan inni ibsu
ilaaluun yaada kanaaf hubannaa ga’aa nuuf kenna.

3.1. Qulqullootaa fi Qajeeloota Kakuu Haaraa

Qajeelaa ykn qulqulluu jechuun cubbuu kan hin hojjennee fi seera raawwachuudhaanis guutuu
kan ta’e jechuu dha. Haa ta’u male kufaatii namaa booda namni qajeelaan ykn qulqulluun
akkasii hin argamne (1Mot. 8:46, Iyo. 4:14-19, Far. 51:5, 130:3, Fak. 20:9, Lal. 7:20, Isa. 6:4-6,
Rom. 3:9-11, 23, Gal. 3:22, Yaq. 3:2, 1Yoh. 1:8-10). Kan cubbuu hin hojjennee fi raawwatee
guutuu kan ta’e tokko qofaatu jira, innis nama isa ta’e Yesuus Kiristoos qofa. (Yoh. 8:46, 2Qor.
5:21, Ibr. 4:15, 1Phex. 2:2223, 1Yoh. 3:5). Namni attamitti qajeelaa fi qulqulluu ta’uu danda’a
gaaffii jedhuuf macaafni qulqulluun yammuu deebisu “hattoon ykn worri qabeenya namaa
hawwan ykn worri machaa’an ykn worri nama arrabsanykn saamtootni mootummaa
Waaqayyootti hin galan. Isin keessaa tokko tokko akkas turtan, garuu dhiiga Gooftaa Yesuusiin
xurii keessan karaa Gooftaa miiccatanii, qullooftaniitu, qajeelotas taataniittu jedha. (1Qor. 6:12).
Ergaan kun kan inni caafameef amantoota Qorontoosiifii dha. Amantootni Qorontoos attamitti
qajeelotaa fi qulqulloota ta’an yoo jenne 1Qor. 6:4 irratti “Yesuus Kiristoositti waan
amantaniif”… jedhee ergamaan Phaawuloos burqaa qajeelummaa fi qulqullummaa isaanii
dubbata. Amantootni kun duraan amala hannaa, machii, samtummaa, fi ejjaa qabu turan. Yeroo
Yesuus Kiristoositti amanan qajeelota jedhaman. Eenyu iyyuu Yesuus Kiristoositti amanee
dhiiga isaatiin yammuu miicatu qajeelaa fi qulqulluu ta’a. Hundeen qajeelummaa fi qulqullumaa
keenyaa hojii fannoo Yesuus Kiristoos malee hojii gaarii nuti hojjennee qabnu mit. (Qol. 1:21-
22, 1Phex. 1:18-19, 1Yoh. 1:7).

133

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

3.2. Qulqullootaaf, Fakkiiwwaiif, Akkasumas Fannoof Sagaduun Ilaalcha Dubbii


Waaqayyootiin

Sagada jechuun waan nuun ol ta’e tokkoof (waaqayyo ykn nama) waa’ee guddummaa isaatii
ibsuuf gadi jennee ykn jilbeenfannee bitamuufii keenya ittiin ibsinu jechuu dha.Macaafni
Qulqulluun yeroo nu baersiisu biyya lafaa kan uume uumama hundumaa ol kan ta’e, sagaduufiin,
jilbeenfachuufiin kan ta’u Waaqayyo dhugaan tokkicha akka ta’ee dha.(Isa. 45:18, Mat. 4:8-10,
Mul. 14:7).

Macaafni Quqlulluun waaqeffannaa, ulfina, fi sagada Waaqayyoo keenya qofaaf dhiyeessuutu nu


irra jira jedha. Ulfinaanis ta’e maqaa ayyaanaan qulqulloota waaqa irraa kamiif ulfinaa fi sagada
dhiyeessaa qixxi itti macaafni qulqulluun nuun jedhe tokko hin jiru. Kun hundumtuu Waaqayyoo
keenya qofaaf ta’u. (Ba’u. 20:1-5, Far. 81:9-10, Mat. 4:8-10, Efe.5:19, Qol. 3:16-17). Dhugaa
Macaafa Qulqulluu kan hubanne namootni tokko tokko waaqeffannaa fi sagada Waaqayyoo
qofaaf ta’uuumamaa fi fakkiiwwan garaa garaaf utuu godhanii argamu. Worri qulqulloota waaqa
irraa fi ergamootni sagadni nuuf hin ta’u waan ta’eef hin fudhannu akka isaan jedhan macaafni
qulqulluun nutti hima. (Ho.Er. 10:25-26, 14:11-15, Mul. 19:10,22:8-9). Har’a waaqeffannaa fi
ayyaana heduu jechuudhaan bakka lamatti hiramee waaqeffannaan Waaqayyoof ayyaana heduun
immoo qulqullootaaf, qajeelootaaf, worra aarsaa ta’aniif, taabotaaf, fakkiiwwan garaa gara, fi
fannoodhaaf dhiyaata jedhanii kan barsiisan jiru. Barumsi akkasii kun bu’uura Macaafa
qulqulluu hin qabu. Akkuma waaqeffannaa worra kaanii waaqeffannaan sagaduu fi ayyaanaan
waaqeffachuun, faarsuunii fi faarfannaanis Waaqayyoo qofaaf ta’uu qaba. (Far. 22:27-28, 86:17,
Yoh. 9:35-38, Fil. 2:9-11, Ibr. 1:6-8, Mul. 4:10-11)

Worri Isiraa’elootaa akka godhaniif kan Waaqayyo isaan abboome keessaa waantotni ol aanoon
gonkumaa fakkiiwwan garaa garaa fi bifa fakkeenyaa hojjetachuudhaan akka hin sagdinee fi
akka hin waaqessinee dha.

Waaqayyo Korabitti abiddaan worra Isiraa’elitti yammuu dubbate raawwatee of eeggadhaa akka
hin xuroofnetti bifa fakkeenyaa irraa waan hojjetamee bifa dhiiraa ykn bifa dubartii qabuuf akka
hin sgadne., yeroo argitus sagaddeefii ykn waaqeffattee akka hin dogoggoretti of eeggadhu.
(Ke.De. 4:15-19).

134

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Abboomota Kurnan keessaa abboommii lammaffaan akkas jedha “waaqa irrattis lafa irrattis, lafa
jalattis, galaana keessattis kan argaman keessaa tokko illee bifa fakkeenyaa hin godhatin, hin
waaqeffatin, in sagadiniif jedha. (Ba’u. 20:4, Ke.De. 5:8). Fakkii kan jedhu fakkii gosa kamiin
iyyuu hojjetame yammuu ta’u, bifa kan jedhu immoo booca ykn awwaala ibsuuf caqafame.
Phaawuloos Kakuu Haaraa keessatti akkuma barsiise “Waaqayyo yaadaa fi beekumsa namaatiin
warqee yookaan dhagaa birri irraa boocame kan fakkaatu ta’uu isaa yaaduun nu irra hin jiraatu
jedheera. (Ho.Er. 17:29). Yesuus Kiristoosis yeroo barsiisu “Waaqayyo Hafuura kan
waaqeffatamus hafuuraa fi dhugaadhaan” jedheera. (Yoh. 4:24). Kutaalee Macaafa Qulquluu
kana irraa kan nuti hubannu Waaqayyo kan waaqeffamu dhugaadhaa fi hafuuraan waan ta’eef
Waaqayyo kana fakkaata jedhanii fakkiidhaan dhiyeessuus ta’e booca hojjetanii fakkii sanaaf
sagaduun dogoggoruu akka ta’e hubanna. (Lew. 26:1, Ke.De. 7:25-26, Isa. 42:8).

Yaada sammuun keenya bira ga’uu danda’u ol kan ta’e Waaqayyo kana fakkaata jedhamee
fakkii ykn booca kamiin iyyuu fakkeeffamee waaqeffamuu hin qabu. Gochaan akkasii
Waaqayyoon kan dheekkamsiisuu fi waaqa tolfamaa waaqessuu waan ta’eef gochaa hamaa dha.
(Ke.De. 4:15-19, Isa. 40:18). Fakkiiwwan hojjetanii booca garaa garaas boocanii isaaniif guyyaa
adda baasanii sagaduuniifii fi isaaniin kadhachuun dheekkamsa Waaqayyoo kan fidchiisu gochaa
hamaa fi waaqa tolfamaa waaqessuu dha. (Iya. 23:16, Far. 135:15-18, Isa. 45:20, 1Qor. 10:14,
1Yoh. 5:21, Mul. 9:20).

3.3. Qulqulloota Ergamoota Waaqayyoo Kadhachuun Ilaalcha Sagalee Waaqayyoon

Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanoonni eenyuun akka kadhatanii fi attamitti akka kadhachuun


ta’u ifatti barsiisa. “Gaara xiyoon irratti siif galatni in ta’a, siinis in kadhatama, namni hundinuu
gara kee gara isa kadhata isaanii isaaniif dhaga’uu in dhufu jedha. (Far. 65:1-2). Kutaa kana irraa
akka hubannutti qulqulloota, ergamootaa fi worra lubbuun hin jirre kadhachuun akka hin taane
hubanna. Kiristiyaanni kan inni kadhachuu qabu isa kadhata dhag’uu fi dhaga’ee deebisu
Waaqayyoon qofaa waan ta’eef karaa Kiristoos Yesuus isa kadhachuutu nu irra jira. (Far. 5:2,
65:1, Erm. 29:12-14, Mat. 6:9, Yoh. 14:14, 15:16, 16:23, Rom. 8:15). Uumama Waaqayyoo
kadhachuun ulfina dhuunfaa Waaqayyoo uumamaaf kennuu waan ta’eef cubbuu ta’uu irra iyyuu
darbee ulfina Waaqayyoo xuqa. (Ba’u. 32:1-7, Rom. 1:21-23).

3.4. Waa’een Qulqullooftuu Durbee Maariyaam Macaafani Qulqulluun Maal Jedha

135

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Waa’ee durbee Maariyaam qulqulluu namootni tokko tokko waan macaafni qulqulluun jedhuu ol
dubachuudhaan gara yaada dogoggoraatti yammuu seenan, worri kaan immoo waa’ee ishee
baayyee gadi buusuudhaan barsiisanii bakka macafni qulqulluun isheef kenne ishee dhowwatu.
Yaadotni kun lachuun isaanii iyyuu dogoggora yammuu ta’an Maariyaam qulqullooftuu
ilaalchisee macaafni qulqulluun kan inni barsiisu haadha Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos akka
taate, garuu immoo Gooftaa keenyaa wajjin wal-qixxee akka hin ta’in, inni uumaa isheen
uumama akka taate, fayyisaa biyya lafaa akka deesse, fi isheen immoo ofii isheef fayyiftuu akka
hin ta’in barsiisa. )Luq. 1:26-36, 46:55, 2:10-11, Ho.Er. 4:12, 1Phex. 3:18).

Maariyaam qulqulluun akkuma nama kami seera uumamaan nama dhalattee dha. Hidda Addaam
keessanis waan dhufteef akkuma nama kami yammuu taatu yaada Waaqayyoo isa baraa baraa fi
ayyaana isaatiin filatamtee iddaa bultii Waaqayyoo taate. (Luq. 1:30). Maariyaam qulqulluun
durbummaan Gooftaa kan deesse, ergamootaa wajjin ergama isa guddaa irratti kan irmaatte,
amantii isheetiin, qulqullummaa isheetiin, abboomamuu isheetiin amantoota hundaaf fakkeenya
gaarii dha. (Mat. 1:23, Luq. 1:48-49, Ho.Er. 1:14). Nuti Kiristiyaanoonni Gooftaan keenya
Yesuus Kiristoos karaa ishee gara biyya lafaa waan dhufeef durbee Maariyaam qulqullooftuu in
jaallanna, in kabajna, haa ta’u malee garuu akka Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti ishee hin
ilaallu, in sagduuf, nu fayyifti jennee hin amannu, nuuf hin kadhattu. (Mat. 2:11, Ho.Er. 4:12).

Boqonnaa 4:- Bakka Bu’ummaa (Amalaji)

Waa’ee namaaf bakka bu’anii kadhachuu ilaaluutti utuu hin darbin bakka bu’ummaan akka
dubbii Waaqayyootti attamitti akka hubatamu ilaalla.

4.1. Bakka Bu’ummaan Maal?

Bakka Bu’aa jechi jedhu kan dhufe “Afaan Amaaraan “malade” kan jedhu irraa kan dhufe
yammuu ta’u Malade jechuun hiiki inni kennu in kadhate jechuu dha. Malade inni jedhu karaa
gara biraan immoo in araarse hiika jedhu qaba. Bakka Bu’aa inni jedhu immoo hojii kana
raawachuuf nama qophaa’e yammuu ta’u, hojjin isaa immoo bakka namootaa bu’uudhaan
kadhachuu dha. Akka barsiisa macaafa qulqulluutti bakka bu’ummaan hiika gurguddaa lama
qaba. Hiiki inni jalqabaa namoota worra kaaniif kadhachuu yammuu ta’u, hiiki inni lammaffaan
immoo Waaqayyoo fi nama gidduu goruudhaan haraarsuu jechuu dha. Karaa biraan bakka

136

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

bu’ummaan iddoo lamatti hirama. Isaanis bakka bu’ummaa qulqullootni lafa irraa namaaf
godhanii fi bakka bu’ummaa Kiristoos namaaf godhuu dha.

4.2. Bakka Bu’ummaa Kakuu Moofaa Keessatti

Qulqullotni Kakuu Moofaa sababoota garaa garr ykn rakkoo isaan mudateen kadhata bakka
bu’ummaan gara Waaqayyotti dhiyaatu turan. Fky; Abiraam waa’ee sodomiif (Uma. 18:22-32),
Isiyaaq waa’ee haadha worraa isaatii (Uma. 25:21), Museen waa’ee saba Isiraa’eliif (Lak. 11:1-
2), Daawit waa’ee sabaa (2Sam. 24:25), Iyyoob waa’ee maatii isaatii (Iyo. 1:5) kadhachuudhaan
fuula Waaqayyoo turaa turan. Waaqayyo kadhata isaan bakka bu’ummaadhaan godhan kana
dhaga’ee deebisaafii ture.

4.3. Bakka Bu’ummaa Kakuu Haaraa Keessatti

Yesuus Kiristoositti amanuudhaan dhiifama cubbuu qulqullotni argatan namoota worra gara
biraaf in kadhatu (Luq. 22:32, Ho.Er. 7:60, Rom. 10:1, 2Qor. 1:10-11. Fil. 1:19, Film. 1:22).
Waaqayyos qulqullotni isaa kadhataan gara isaatti akka dhiyaatan ajajeera. Qulqullotni Gooftaa
waan dhukkubsataniif, waan rakkataniif, waan badaniif, akkasumas waa’ee biyyaa fi waa’ee
moototaa akka isa kadhannu ajajeera. (Mat. 6:44-45, Fil. 4:6, 1Xim. 2:1-2, Yaq. 5:14-15).

4.4. Bakka Bu’ummaa Kiristiyaanota Worra Lubbuun Jiranii

Bakka bu’ummaan kun Gooftaa Yesuusiin Gooftaa jireenya isanii fi fayyisaa godhatanii kan
fudhatan, dhiiga isaatiin qajeelota ta’anii fooniin biyya lafaa irra kan jiran qulqullotni kadhata
isaan Waaqayyoon kadhatanii dhja. Qulqullotni utuu biyya lafaa irra jiranii waa’ee worra kaaniif
bakka bu’ummaadhaan in kadhatu. Kadhatni bakka bu’ummaa akkasii kun qulqullotni amma
biyya lafaa irra jiran qofaatti kan isaan godhan yammuu ta’u, itti dabaluudhaanis akka Waaqayyo
namootaaf dhiisu, akka inni fayyisu, akka inni eebbisu, haala rakkisaa namootni keessa jiran
keessa akka inni isaan baasuuf kadhata bakka bu’ummaadhaan dhiyeeffamuu dha.kadhatni
akkasii kun nama Waaqayyoo wajjin walitti haraarsuudhaaf ykn dhiifama cubbuu
argamsiisuudhaaf qofaa isaa ga’aa hin ta’u.

4.5. Kadhatni Bakka Bu’ummaa Amma Eessaatti Nama Gargaara?

137

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Sagaleen Waaqayyoo yammuu nu barsiisu kadhata bakka bu’ummaa namaa gochuun amma
abbaan sun foonii fi lubbuun wal keessa jiru qofaatti. (Lal. 9:4, Luq. 16:19-31, Ibr. 7:23).
Kadhatni bakka bu’ummaa jireenya baraa baraa ilaalchisee waan tokko iyyuu buusuu in danda’u.
Kana jechuun immoo karaa kadhata bakka bu’ummaa jireenya baraa baraa argachuu hin
dandeenyu jechuu dha. Namni tokko jireenya baraa baraa akka argatuuf kan murteessu tarkaanfii
jireenya amantii nama sanaa qofaa dha. (Yoh. 3:16).

4.6. Bakka Bu’ummaa Yesuus

Hiikni bakka bu’ummaa inni lammaaffaan hojii Waaqayyoo fi nama bakka bu’ummaadhaan
walitti haraarsu jechuu dha. Hojiin bakka bu’ummaa inni kun kadhannaadhaan ykn jecha qofaan
kan hojjetamu utuu hin ta’in, abbaan ergaa Ibirootaa akkuma dubbatu “dhiigni utuu hin
dhangala’in dhiifamni hin jiru” waan jedhuuf namaa fi Waaqayyoo gidduutti haraara akka
buusuuf dhiigni dhangala’uun barbaachisaa akka ta’e nuuf kaa’eera. Kanaaf namaa fi
Waaqayyoo gidduu bu’ee haraarsu kan danda’u tokko qofaa dha, innis “Waaqayyo tokkichatu
jiraa, akkasumas namaa fi Waaqayyoo gidduutti giddu galeessummaan kan hojjetus tokkichatu
jira, innis Kiristoos isa nama ta’ee dha, inni ofii isaa gatii nama hundumaa kenne” (1Xim. 2:5-6).
Iddoo biraatti immoo Phaawuloos Kiristoos attamitti Waaqayyoo wajjin akka walitti nu haraarse
yammuu dubbatu akkas jedha “utuuma nuti diina taane jirruu karaa du’a ilma isaatii Waaqayyoo
wajjin walitti haraaramne” (Rom. 5:10). Kanaaf immoo (Rom. 8:34) Yesuus bakka
bu’ummaadhaan nuuf kadhata jedha.

Akka Macaafni Qulqulluun Jedhutti Bakka Bu’ummaadhaan Namaaf Kadhachuuf


Ulaagaaleetu Jira. Isaanis:-

A). Cubbuu isa namni cubbamaan hojjetu hojjetee kan hin beekne ta’uu qaba. (Yoh. 8:46, 2Qor.
5:21, Ibr. 4:15, 1Phex. 2:22-23), 1Yoh. 3:5).

B). Cubbu isa namni cubbamaan hojjeteef gatii baasuu nama danda’u ta’uu qaba. (Efe. 1:7, Tit.
2:14, 1Phex. 2:24, 1Yoh. 2:2).

C). Waaqayyoonis namas bakka bu’uu kan danda’u ta’uu qaba. (1Xim. 2:5-6)

138

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Waaqayyo ulaagaalee kana guutuu kan danda’uu fi namaa Waaqayyoo gidduutti bakka bu’uu
kan danda’u bakka bu’aa “tokko” inni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos qofaa ta’uu isaa ifatti
Macaafni Quqlulluun nu barsiisa. Yaada kanaan mormuudhaan immoo qulqullootni, worri aarsaa
ta’anii fi qulqullootni ergamootni Gooftaa bakka bu’uudhaaf ga’umsa qabu jechuudhaan
amanuun dubbii Waaqayyootiin mormuu dha. (Rom. 8:34, 2Qor. 5:19, Efe. 2:14-16, Qol. 1:19-
22). Yesuus Kiristoos yeroo fooniin lafa irra tures waa’ee qulqullootaatiif bakka bu’ee
kadhachaa ture. (Luq. 23:34, Yoh. 17:1-26, Ibr. 5:7). Yesuus erga du’aa ka’ee fi erga gara
waaqaatti ol ba’ees bakka bu’ummaadhaan duuka buutota isaaf kadhachuu itti fufee jira. (Rom.
8:34, Ibr. 7:25, 1Yoh. 2:1). Kanaaf bakka bu’ummaa Kiristoos dhiifnee deggersa Macaafa
Qulqulluu worra hin qabne bakka bu’ummaa qulqullootaa, kan ergamootaa, kan durbee
qulqullooftuu Maariyaam fudhannee gara Waaqayyootti kadhata keenya nuuf dabarsu jechuun
sagalee Waaqayyoon mormuu dha. Macaafni Qulqulluun Yesuus Kirsitoos bakka bu’aa dha
yammuu jedhu cubbuu dhala namaa irraa fuudhee qulqulleessuudhaan Waaqayyootti isaan
dhiyeessee akka isaan mootummaa isaatti galan gochuu danda’a jechuu yammuu ta’u (1Yoh.
1:3), qaleelotni, worri aarsaa ta’anii fi ergmootni qulqullotni Gooftaa bakka bu’uudhaan namaaf
kadhachuu hin danda’an yammuu jedhamu waa’ee cubbuu dhala namaa dhiisuu jedhanii hin
dune, du’uus hin danda’an waan ta’eef karaa isaanii Waaqayyoo irraa dhiifama argachuu hin
dandeenyu jechuu dha. Karaa isaanii Waaqayyootti haraaramuu fi dhiifama cubbuu argachuu
waan hin dandeenyeef bakka bu’ummaan isaaniif kennamuu hin danda’u.kanaafii dha Kakuu
Haaraa keessatti bakka bu’ummaan Yesuus Kirsitoos qofaaf danda’ama kan jedhamuuf.

Boqonnaa 5:- Hojiidhaan Wal-quunnamsiisuu

 Waa’ee seexanaa fi ergamoota isaa ilaalchisee yaada baayyee waliin mormu lamatu jira.
Yaadni inni tokko seexana baayyee ol kaasanii ilaaluudhaan akka waan inni hundumaa
danda’uutti baayyisanii yaaduudhaan waa’ee seexanaa yaaduudhaan haasa’u.namootni
akkasii aangoo Gooftaa fuudhanii seexanaaf kennu. Yaadni inni gara biraan immoo
seexana baayyisanii gadi buusuudhaan itiin mormuun hin barbaachisu kan jedhanii dha.
Worri yaada kana qabanis waan dubbii Waaqayyoo wajjin walitti bu’u qabu. Waanti dura
beekamu guddummaa Yesuus Kirisatoos beekuu fi labsuu dha malee ol aantummaa
seexanaa labsuudhaaf hin waamamne. Seexanni haboo yoo qabaate iyyuu haalaan kan
murtaa’ee uumama Waaqayyoo ti. Akka kanatti Macaafni Qulqulluun akka seexanni jiru

139

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

hubachiisee erga nutti himee booda akka ittiin morminus nu abbooma. Kiristoositti
amanee namni fayye hundinuu ergamoota dukkanaa jalaa bilisa ba’eera waan ta’eef
haboo Gooftaan isaaf kenneen hafuurota hamaa in baasa, ittiin morma, da’oo isaanii in
diiga. (2Qor. 10:3-5, Efe. 6:10-17, Qol. 1:13-14, Yaq. 4:7-8, 1Phex. 5:8-9).
 Har’as bara keenya keessatti ergamootni Waaqayyoo biraa ergamanii qulqulloota isaaf
ergaa fidu. Saba Waaqayyoo in eegu, jireenya akka argataniif yeroo amantootni laafan
isaan gargaaruuf in ergamu. Kana irra darbuudhaan maqaa isaaniitiin Waldaan
Kiristiyaanaa ijaaramee isaaniif sagaduunii fi waaqessuun gochaa sagalee Waaqayyootiin
mormuu dha. Sagadnii fi waaqeffannaan kan ta’uuf Waaqayyo qofaaf.ergamootni
Waaqayyoo biraa gara namootaatti malee nama biraa gara Waaqayyootti kadhataa fi
sagada hin geessan ykn yeroo isaan ergaa nama irraa fuudhan Macaafa Qulqulluu
keessatti bakka tokkotti illee waan hin xuqmniif ergamootni bakka bu’uudhaan namaaf
hin kadhatan.
 Fakkeenyotaa fi boocawwan garaa garaa waaqessuun amala namoota worra Waaqayyoon
hin beeknee waan ta’ee fi waaqa tolfamaa waaqessuutti waan lakka’amuuf maqaa
qulqulloota kamiin iyyuu, maqaa ergamootaan, taabootaan, fakkii fi boca kamiin iyyuu
waaqeffachuun Waaqayyoonkan gaddisiisuu fi dallansiisuu waan ta’eef gochaa akkasii
irraa fagaachuun hafuura dhugaan Waaqayyoon waaqeffachuutu nu irra jira.
Kiristiyaanummaan dhugaadhaa fi hafuuraan Waaqayyoon qofaa waaqeffachaa kan
jiraannu malee ergamootaa fi qulqulloota waaqeffachuu, ykn taabota, fakkii fi booca
hojjennee isaaniin waaqessaa galateeffachaa jireenya jiraannu miti.
 Ergamoota ykn qulqulloota kadhachuu sagaleen Waaqayyoo waan hin deggerreef
kadhachuun kan nu irra jiru Waaqayyo isa dhaga’ee deebisuu fi jajjabeessuu danda’u
waan ta’eef waaqaa fi lafa irratti tokkicha kan ta’e Waaqayyo isa hundumaa danda’uu
dha. Waan hundumaaf abdii godhachuun kan nu irra jiru Waaqayyo qofaa dha. Kadhata
keenya karaa isa bakka bu’aa keenya ta’ee karaa Kiristoos Yesuus dhiyeeffachuu
qabna.Yesuus Kiristoos hojii isa hojjetee raawwatameera waan jedheef fayyina
keenyaafis jireenya keenyaafis Yesuus qofaan ga’aa ta’uu isaa beeknee garagaarsa
ergamootaa, kan qulqullootaa, kan durbee qulqullooftuu Maariyaam nu hin barbaachisu
yknb itti irkachuun nu irra hin jiru.

140

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Gaaffiiwwan Keessa Deebii Barumsa Waa’ee Ergamootaa, Durbee Maariyaam


Qulqullooftuu, Waa’ee Qulqullootaa, Waa’ee fakkiiwwanii (Waa’ee Fannoo), fi Waa’ee
Taabotaa Gaaffiiwwan Keessa Deebii

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

1. ___________ Ergamootnii fi Qulqullotni umna waaqummaa waan qabaniif isaaniif


sagaduufiin, waaqeffachuunii fi faarsuun isaaniif in ta’a.
2. Taabotaaf waan isa keessatti argaman fakkaattii Yesuus Kiristoos turan.
3. ___________ Macaafni Qulquulluun waaqeffannaa, ulfinaa fi sagada Waaqayyoo qofaaf
dhiyeessuun akka irra jiraatu, ulfinaanis ta’e maqaa ayyaanaatiin worra aarsaa ta’an
kamiif iyyuu, qulqulloota kamiif iyyuu, kan dhiyeeffamu akka hin taane, isaan kun
dhuunfaa Waaqayyoo waan ta’aniif isa qofaaf malee worra kan biraaf kan oolan akka hin
ta’in nu barsiisa.
4. ____________ Yesuusitti amanuudhaan dhiifamuu cubbuu kan argatani qulqullootni
worra kaaniif in kadhatu turan. Waaqayyos qulqullootni waaqeffannaa fi kadhannaadhaan
gara isaatti akka dhiyaatan ajajeera.
5. ____________ Amanaan lammaffaa erga dhalatee geggeessaa Hafuura Quqlqulluu jala
erga galee iyyuu seexanaan qabamuu danda’a.

Gaaffiiwwan “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhu

“A” “B”

6. Ergamoota Ifaa A). Ijoollee Waaqayyoo


7. Keessa isaatti meeshaa qabachuu kan danda’u B). Ergamoota worra kufan
8. Kadhachuu ykn Haraarsuu C). Ergamootra Qulqulluu
9. Amanamummaadhaan Waaqayyoon kan tajaajilan D). Kiruubelii fi Suraafelii
10. Maqaawwan seexanni ittiin waamamu E). B/Bu’ummaadhaan kadhachu
F). Taabota
G). Bi’eelzeebul

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. Kakuu Haaraa keessatti qulqullootnii fi qajeelotni worra kam?

141

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

A). Worra Waldaa Kiristiyaanaatti deddeebi’an


B). Worra Kirsitoos Yesuusitti amananii dhiga isaatiin miiccatan
C). Worra sooman
D). Worra horii isaanii Waldaa Kiristiyaanaatti fidan

12. Waantootni taabota keessa ka’aman maal fa’i?

A). Saanduqa kakuu B). Ulee Haroon

C). Mannaa D). Hunduu deebii dha

13). Seexana Jechuun Afaan Ibirootaan maal jechuu dha?

A). Dogoggorsaa B). Luusfer

C). Mormaa D). A fi C deebii dha

14). Kiristiyaanootni Eenyuun Kadhachuutu Isaan Irra Jira?

A). Qulqulloota B). Qajeelota

C). Karaa Kiristoos Yesuus Waaqayyoon kadhachuu

D). Ergamootaa fi Worra aarsaa ta’an

15. Waa’ee Qulqullooftaa Maariyaam Ilaalchisee Barsiisa Macaafa Qulqulluu Kan Ta’e

Kam?

A). Haadha Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosi ti, garuu immoo Gooftaa Yesuusii wajjin

wal-qixxee mit.

B). Fayyisee biyya lafaa deesse malee iaheen ofii isheef fayyiftuu miti.

C). Gooftaa keenyaa wajjin wal-qixxeetti hin ilaalamtu, sagaduufiin hin ta’u, bakka

namaaf hin buutu

D). Hunduu deebii dha

142

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

16. Kadhatni bakka bu’ummaadhaan qulqullootni namaaf godhan amma eessaatti?

A). Kadhannaan bakka bu’ummaan kadhatamu nama foonii fi lubbuun wal keessa jiru

qofaaf

B).Kadhata bakka bu’ummaadhaan qulqullootni namaaf godhaniin jireenyi baraa baraa

hin argamu

C). Qulqullootni waa’ee biyyaa fi waa’ee moototaa akka kadhataniif ajajamaniiru.

D). Hunduu deebii dha.

17. Namaa fi Waaqayyoo gidduutti bakka bu’ee haraara buusuu kan danda’u eenyu?

A). Ergamootaa fi worra aarsaa ta’an B). Yesuus Kiristoos isa nama ta’e

C). Qulqullota ykn Qajeelota D). Durbee Maariyaam Qulqullooftuu

18. Kadhata Bakka Bu’ummaa jechuun Maal Jechuu dha.

A). Nama kan biraaf kadhachuu

B). Waaqayyoo fi nama gidduutti haraar buusuu

C). A fi B deebii dha

D). Deebiin hin kennamne

Gaaffiiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19. Ergamootni walumaa galatti bakka lamatti qoodamu. Isaanis ergamoota ifaa (Qulqulloota) fi
ergamoota dukkanaa (ergamoota kufanii) dha. Waa’ee lachanuu isaanii iyyuu waan bartan ibsa.

20. Macaafni Qulqulluun waa’ee durbee qulqullooftuu Maariyaam, waa’ee qulqullootaa, waa’ee
fakkii (fannoo), waa’ee taabotaa fi waa’ee bakka bu’anii kadhachuu maal barsiisa? Tokko qofaa
filadhaatii ibsa irratti kennaa.

143

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Macaafota Wabii

 Erickson, Millard J. Christian Theology. Grand Rapids; Baker, 1985.

 Grudem, Wayne, Systematic Theology; an Introduction to Biblical Doctrine. Leicester,


1994.

 ሀሮልድ ራውሊንግስ፤ መሠረታውያን የባፕቲስት እምነቶች። አዲስ አበባ፡- ቀራኒዮ ባፕቲስት።

 ለማ ደገፋ፤ የሕይወት ውቅሮች። አዲስ አበባ፡- ሊደርሺፕ ትራንስፎርሜሽን ሚኒስትሪ፣ 2004 ዓ.ም።

 መልሳቸው መስፍን (ዶ/ር) ፤ ቤተ ክርስቲያን። አዲስ አበበ፡- አንድነት አታሚዎች፣ 2007 ዓ.ም።

 መልሳቸው መስፍን (ዶ/ር) ፤ እግዚአብሔር መለኮት፤ መጽሐፍ ቅዱሳዊ አስተምህሮ። አዲስ አበባ፡- አሳታሚ

አልተጠቀሰም፣ 2008 ዓ.ም።

 መሰረታዊ የክርስትና ትምህርት (1 ኛ, 2 ኛ, 3 ኛ መጽሐፍ) ፤ አዲስ አበባ፡- ኤስ አይ ኤም

ፐብሊኬሽን፣ 2009 ዓ.ም።

 ሙሴ መንበሩ (ካህን)፤ በአንድ አፍ ሁለት ምላስ፡- የኪዳኑ ታቦት የትኛው ነው? የትስ ይገኛል? አዲስ

አበባ፡- አሳታሚ አልተጠቀሰም፣ 2008 ዓ.ም።

 ሙሴ መንበሩ (መርጌታ) ፤ ፍኖተ አበው ዘወንጌል፡- የወንጌል አባቶች ጉዞ። አዲስ አበባ፡- አሳታሚ

አልተጠቀሰም፣ 2008 ዓ.ም።

 ማንሰል ኮሊን፤ ትምህርተ እግዚአብሔር፣ ክርስቶስ፣ መንፈስ ቅዱስ። አዲስ አበባ፡- ንግድ ማተሚያ ድርጅት፣

144

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

1999 ዓ.ም።

 ሰለሞን ወልደአምላክ፤ ኤክሌሽያ። አዲስ አበባ፡- ንግድ ማተሚያ ድርጅት፣ 1985 ዓ.ም።

 ሳሙኤል ሳላቶ (መጋቢ)፤ መሰረታዊ ክርስትና አጠቃላይ አስተምህሮ። አዲስ አበባ፡- እሌኒ

ማ.ቤ.ኃ.የተ.የግ..ማ፣ 2009 ዓ.ም።

 ሲሳይ ደሳለኝ (ተርጓሚ) ፤ የመጽሐፍ ቅዱስ ሥርዓተ ትምህርት ጥናት። አዲስ አበባ አሳታሚ

አልተገለጸም። 1987 ዓ.ም።

 ስርዓት በቤተ ክርስቲያን። አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል አማኞች ቤተ ክርስቲያን፣ 1999 ዓ.ም።

 በልሁ ደለለኝ (መምህር)፤ እኔን ማን ትሉኛላችሁ? ፡- ክርስቶስና የማዳን ስራው። አዲስ አበባ፡-

አሳታሚ አልተጠቀሰም፣ 2007 ዓ.ም።

 በንስሐ የመታደስ አገልግሎት በኢትዮጵያ አርቶዶክስ ተዋህዶ ቤተ ክርስቲያን። አዲስ አበባ፡- አታሚው

አልተገለጸም፣ 2001 ዓ.ም።

 ተስፋዬ ሮበሌ፤ የትምህርተ ስላሴ መሰረታውያን፡- መጽሐፍ ቅዱሳዊ፣ ታሪካዊና ምክንዮአዊ ትነታኔ።

አትላንታ ጆርጂያ፡- ተስፋ ዐቃብያነ፣ 2010 ዓ.ም።

 ተክሉ መንገሻ (ተርጓሚ) ፤ ዋና ዋና የመጽሐፍ ቅዱስ ጭብጦች። አዲስ አበባ፡- አርቲስቲክ

ማተሚያ ድርጅት፣ 2003 ዓ.ም ።

 ታቦት። አዲስ አበባ፡- አሳታሚ አልተጠቀሰም፣ 1995 ዓ.ም።

 ቴዎድሮስ ደመላሽ፤ ሰማንያ አሐዱ በእግዚአብሔር ቃል ሲመዘን። አዲስ አበባ፡- ፉር ኢስት

ትሬዲንግ፣ 2007 ዓ.ም።

 ቻላቸው መከረ፤ ስነ መንፈስ ቅዱስ። አዲስ አበባ፡- ኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ስነ መለኮት

ሴሚናርየም፣ 2008 ዓ.ም።

 ቻላቸው መከረ፤ የመጽሐፍ ቅዱስ አስተምህሮ። አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ስነ- መለኮት

145

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

ሱሚናሪየም፣ 2009 ዓ.ም።

 ነገዎ ቦስት፤ መሰረታዊ የመጽሐፍ ቅዱስ አስተምህሮ (ክፍል አንድ እና ሁለት) ፤ አዲስ አበባ፡-

ሮሆቦት አታሚዎች፣ 2009 ዓ.ም።

 አበራ በላይ (ዶ/ር) ፤ ሰውና ኃጢአት። አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ስነ-መለኮት

ሴሚናሪየም፣ 2008 ዓ.ም።

 አበራ በላይ፤ ቤተ ክርስቲያን። አዲስ አበባ፡- ኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ስነ መለኮት ሴሚናርየም፣ 1998

ዓ.ም።

 አግዛቸው ተፈራ (ዲያቆን) ፤ ነገረ ድኅነት፡- በአሚነ አበው። አዲስ አበባ፡- ባናዊ ማተሚያ ቤት፣ 2005

ዓ.ም።

 አግዛቸው ተፈራ (ዲያቆን) ፤ የለውጥ ያለህ። አዲስ አበባ፡- አሳታሚ አልተገለጸም፣ 2001 ዓ.ም።

 አግዛቸው ተገኝ (ዲያቆን) ፤ አልተሳሳትንም። አዲስ አበባ፡- አታሚው አልተገለጸም፣ 2010 ዓ.ም።

 እርገጤ አያና (ተርጓሚ)፤ መጽሐፍ ቅዱስ ምን ይላል? ። አዲስ አበባ፡- ራዕይ አሳታሚ፣ 1991 ዓ.ም

 እንዳለ ገብረመስቀል፤ የመንፈስ ቅዱስ ሙላት መጽሐፍ ቅዱሳዊ አስተምህሮና ጴንጤቆስጢያዊ

ተመክሮ። አዲስ አበባ፡- ብራና ማተሚያ ድርጅት፣ 1999 ዓ.ም።

 ኃይሉ መኰንን (ተርጓሚ) ፤ የትምህርተ መለኮት ጥናት። አዲስ አበባ ንግድ ማተሚያ ቤት ድርጅት፣

1989 ዓ.ም።

 ዌይን ግሩደም (ቅጽ 1 እና 2) ፤የመጽሐፍ ቅዱስ አስተምህሮ መግቢያ፡- ስልታዊ ነገረ መለኮት። አዲስ

አበባ፡- ኤስ.አይ.ኤም ፐብሊኬሽን፤ 2003 ዓ.ም።

 የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል አማኞቸ ቤተ ክርስቲያን መሠረታዊ የክርስትና ትምህርት ማስተማሪያ

(መጽሐፍ 1, 2, 3) ። አዲስ አበባ፡- ኤትፋዜር አታሚዎች፣ 2009 ዓ.ም።

 የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋህዶ እምነት፤ ሥርዓተ አምልኮትና የውጭ ግንኙነት። አዲስ አበባ፡- ትንሣኤ

146

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

ማተሚያ ድርጅት፣ 1996 ዓ.ም።

 ያሬድ ሽፈራው (መምህር) ፤ የመጽሐፍ ቅዱስ ታሪካዊ አመጣጥ፡- የብሉይ ኪዳን አዋልድ መጻሕፍት

ከቀኖናው ውጪ የሆኑበት ምክንያት። አዲስ አበባ፡- ሶላር ማተሚያ ቤት፣ 2009 ዓ.ም።

 ይስሐቅ ዮሐንስ (ቄስ) ፤ ክርስትና፡- መሠረታዊ የመጽሐፍ ቅዱስ አስተምህሮ። አዲስ አበባ፡-

ርኆቦት ማተሚያ ቤት፣ 2010 ዓ.ም።

 ደረጀ (ቀሲስ) ፤መቅደስ የገቡ መናፍቃን። ባህር ዳር፡- አሳታሚ አልገለጸም፤ 2000 ዓ.ም።

 ዳንኤል መኰንን (መጋቢ) ፤ ሙሉ ሰው ወደ መሆን ማደግ። አዲስ አበባ፡- አንድነት አታሚዎች፣ 2000

ዓ.ም።

 ዳንኤል መኰንን (መጋቢ) ፤ የመንፈስ ቅዱስ ጥምቀት። አዲስ አበባ፡- ሊቶ አታሚ፣ 1991 ዓ.ም።

 ዳንኤል መኰንን (መጋቢ) ፤ የእግዚአብሔር ድምጽ። አሜሪካ፡- አሳታሚ አልተጠቀሰም፣ 1993 ዓ.ም።

 ዳንኤል መኰንን (መጋቢ) ፤ የክርስትና እድገት (ክፍል አንድ እና ሁሉት) ። አዲስ አበባ፡- አሳታሚ

አልተጠቀሰም፤1997 ዓ.ም።

 ገነነ ጣሰው (መምህር) ፤ መንጦላዕት፡- ያልተጋረዱ መጋረጃዎች። ሻሸመኔ፡- አሳታሚ

አልተጠቀሰም፤ 2008 ዓ.ም።

 ጥላሁን መኰንን፤ መጸሕፍተ ኑፋቄ በመጽሐፍ ቅዱስ ዓይን ሲታይ። አዲስ አበባ፡- አታሚው

አልተጠቀሰም፣ 1999 ዓ.ም ።

 ጥበበ ሰለሞን (ቀሲስ) ፤ በእንተ ማርያም። አዲስ አበባ፡- አሳታሚ አልተገለጸም፣ 2004 ዓ.ም።

 ጥበቡ ተገኝ፤ የሕይወት መልህቅ። አዲስ አበባ፡- አታሚው አልተገለጸም፤1999 ዓ.ም።

 መጽሐፍ ቅዱስ። አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ መጽሐፍ ቅዱስ ማህበር፤ ብርሃንና ሰላም ማተሚያ ቤት፣

1954 ዓ.ም።

147

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 መጽሐፍ ቅዱስ። ቀላል አማርኛ፤ በኢትዮጵያ መጽሐፍ ቅዱስ ማህበር፣ 1980 ዓ.ም።

 ከኢንተርኔት እና ከሶሻል ሚዲያ የተጠቀምናቸው የተወሰኑ ጹሑፎች አሉ።

Deebii Gaaffilee Garaa Garaa

Deebiiwwan Gaaffilee Keessa deebii Barumsa Macaafa Qulqulluu

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

1. Dhugaa
2. Soba
3. Soba
4. Dhugaa
5. Dhugaa

Gaaffiwwan “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhu

6. D
7. C
8. B
9. A
10. E

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. B
12. B
13. D
14. D
15. B
16. C
17. D
18. D

148

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Gaaffiiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19.

 Macaafota Awaalid jedhaman yeroo ilaallu kan isaan caafaman akka seenaa Isiraa’elitti
“Bara Dukkanaa” ykn yeroo Waaqayyo namatti hin dubbanne keessa. Yeroo kun Kakuu
Moofaa keessaa yeroo Macaafni Raajii Milikiyaasitti aansee bara 400 yammuu ta’u,
yeroo kunb yeroo Waaqayyo waan tokko iyyuu ilmaan namootaatti hin dubbanne
jedhamee amanama.
 Barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin walii hin galle of keessatti qabatee jira. Fkn:-

Hojiidhaan fayyuu ykn qajeelummaa argachuu, waa’ee du’a booda carraa argachuu, Waaqayyo
kadhata worra du’anii in dhaga’aa kan jedhu, fi tiruu fi honnee qurxummiitiin seexanni in ba’a
kan jedhuu dha.

 Dogoggora seenaa, kan baraa, fi kan ta’umsa lafaatu keessatti argama. Fkn:-

Museen bidiruu kakuu sana kan hojjete dhagaa gati jabeessa irraa ti kan jedhu, Yaa’iqoob
Eesa’uu ajjeese kan jedhuu, fi worri booji’aman Baabiloonin kan turan dhaloota torbaaf ykn
waggaa 700 kan jedhufaatu keessatti argama.

 Gooftaan Yesuusis Ergamootni isaas jecha jechaan macaafota kana eeranii waan hin
barsiisinii fi aangoo raajotyaas waan hin qabneef, waa’ee Mootummaa Waaqayyoo waan
hin dubbanneef, sagalee raajii waa’ee Masihii isa dhufuuf jiruus ergaa isaanii keessa
waan hin qabnee fi akkasumas yeroo dubbifamanis ergaawan isaanii ulfaatina hafuuraa
waan hin qabneef ykn jireenya namootaa waan hin gedderreef macaafotni Awaalid
jedhaman kun akka macaafa qulqulluutti fudhatama hin arganne.

20.

 Yaada namaa irratti aangoo qaba. (Isa. 55:8-9)


 Aadaa, amalaa, fi barteewwan namoota irratti aangoo qaba. (Mat. 15:1-3, Qol. 2:8).
 Sirna Waldaa Kiristiyaanaa irratti aangoo qaba. (Luq. 13:10-16)
 Tajaajiltoota irratti olaantummaa qaba. (Gal. 1:8, 2:1-14)

149

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Ergaawwan irratti, lallaba irratti. Barumsa garaa garaa irrattii fi raajiiwwan garaa garaa
irratti haboo qaba. (Ke,De. 13:1-4, 1Phex. 4:11).
 Barteewwanii fi yaaliiwwan jiran hundumaa irratti haboo qaba. (2Phex. 1:17-19)

Deebiiwwan Gaaffilee Keessa deebii Barumsa Waa’ee Fayyinaa

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

1. Dhugaa
2. Soba
3. Dhugaa
4. Dhugaa
5. Soba

Gaaffiwwan “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhu

6. F
7. A
8. E
9. C
10. D

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. D
12. D
13. D
14. A
15. B
16. D
17. B
18. D

Gaaffiiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19.

150

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Sagalee Waaqayyoo

Fayyuun keenya Yesuus Kiristootti gaafa amanne akka ta’e sagaleen Waaqayyoo nutti hima.

 Hafuura Waaqayyoo

Yeroo nuti Yesuus Kiristoositti amannee duukaa buunu Hafuurri Waaqayyoo nuti ijoollee
Waaqayyoo akka taane ykn jireenya baraa baraa akka qabnu dhugaa nuuf ba’a. (Ho.Er. 5:32,
Rom. 8:15-16).

 Gdderamsa Jireenyaa

Yeroo nuti Gooftaa Yesuus Kiristoosiin fayyisaa lubbuu keenyaa goonee fudhannu uumama
haaraa taana. (2Qor. 5:17). Kanaaf jireenya duraan keessa jiraachaa turre keessa hin jiraannu.
(Gal. 2:20, Qol. 3:8-10, 1Phex. 4:1-3, 1Yoh. 1-6-7, 2:9-11).

20

Karaa Sirrii hin ta’in worri yaadan hojii gaarii hojjechuu, seera eeguu, sirna waaqeffannaa
raawwachuu, beekumsa lafa irraa fi oogummaa arganna se’u. Karaa sirri ta’een immoo sagaleen
Waaqayyoo kan inni barsiisu namni hundumtuu sababa cubbuutiif raawwatee kan bade ta’uu isaa
(Rom. 3:23, 6:23), Ofii isaa fayyisuu kan hin dandeenye ta’uu isaa (Mat. 19:25-26), namni
hundumtuu cubbamaa ta’uu isaa beekee gara Waaqayyootti qalbii jijjiirannaadhaan deebi’uu
(Ho.Er. 17:30), utuu nuti cubbamoota taanee jirruu Kiristoos cubbuu keenyaaf du’uu isaa (gatii
cubbuu keenyaa kaffaluu isaa) beekuu (Rom. 5:8), namni cubbuu isaa beekee qalbii
jijjiirrachuudhaan Yesuus Kiristoosiin Gooftaa jireenya isaa godhateefudhachuu fi jireenya akka
argatu (Yoh. 1:12, 3:16), Waaqayyo namootni ittiin haafayyaniif karaa tokkichi inni qopheesse
Yesuus Kiristoos (Yoh. 14:6, Ho.Er. 4:12, 1Yoh. 5:12).

Deebiiwwan Gaaffilee Keessa deebii Barumsa Waa’ee Sadan Tokkummaa Waaqayyoo

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

1. Dhugaa
2. Soba
3. Dhugaa

151

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

4. Dhugaa
5. Soba

Gaaffiwwan “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhu

6. G
7. F
8. B
9. A
10. E

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. D
12. D
13. D
14. D
15. B
16. A
17. C
18. A

Gaaffiiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19.

Sadan tokkummaa jechuun Waaqayyo qaamaan sadii ta’anii Waaqummaadhaan immo sadan
tokkummaa kan ibsu yammuu ta’u, Macaafni qulqulluun Waaqayyo tokkichi qaamaan sadii ta’ee
jiraata jedha. Waaqayyo qaama sadi’iin Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluutu Waaqayyo tokko
ta’ee jiraata. Waaqayyo waaqni keenya waaqa tokkicha (Ke.De. 4:35, 6:4, Yoh. 5:44, Rom. 3:29-
30, 16:27, 1Qor. 8:4-6). Waaqayyo kun immoo qaama sadi’iin mul’ateera. Macaafni Qulqulluun
Waaqayyo qaama sad’iin akka jiraatu iddoo baayyeetti dubbate. (Uma. 1:26, 3:22, 11:7, Isa. 6:8,
48:16, Mat. 28:19-20, Luq. 3:21-22, 2Qor. 13:14, 1Phex. 1:1-2). Waaqayyo tokkoo sadi’is.
Akkas jechuun yeroo tokkichatti tokkos ta’ee sadi’es ta’ee jiraata jechuu dha. (Mat. 28:18-20).

152

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

20.

Kiristoos nama dhugaa fi waaqayyo dhugaa dha. Yesuus Kiristoos foon uffatee waan biyya lafaa
dhufeef nama dhugaa dha. Yesuus Kiristoos Waaqayyo isa baraa baraan eebbifame ta’ee Abbaa
isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin Waaqayyo dhugaa ta’ee jiraata. Yesuus Kiristoos nama dhugaa
fi Waaqayyo dhugaa akka ta’e macaafa qulqulluu keessaa raggaasisuun in danda’ama. Hafuurri
Qulqulluunis akkasuma qaama ykn eenyummaa kan qabu Waaqayyo isa dhugaa dha. Hafuurri
Qulqulluun akkuma Waaqayyo Abbaa fi Waaqayyo Ilmaa (Yesuus Kiristoos) sadan tokkummaa
keessa tokko kan ta’e Waaqayyo dhugaa dha. Hafuurri Quqlqulluun Waaqayyo dhugaa fi nama
dhugaa ta’uu isaa Macaafa Qulqulluu keessaa raggaasisuun hin danda’ama.

Deebiiwwan Gaaffilee Keessa deebii Barumsa Waa’ee Waldaa Kiristiyaanaa

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

1. Soba
2. Dhugaa
3. Dhugaa
4. Dhugaa
5. Soba

Gaaffiwwan “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhu

6. F
7. G
8. A
9. B
10. C

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. B
12. D
13. D
14. B

153

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

15. D
16. C
17. D
18. C

Gaaffiiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

Waldaa Kirstiyaanaa Kakuu Haaraa keessatti afaan Girikiitiin “Ekileeshiyaa” (Ecclesia) kan
jedhu bu’uura godhattee kan hiikamtu yammuu ta’u, jechi kun jechoota lama irraa burqa. “Ek”
kan jedhu “gartuu ta’e irraa kan dhufe” jechuu yammuu ta’u, “Kalu’oo” (kaluo) kan jedhu
immoo “akeeka tokkoof kan waamame” jechuu dha. Kanaaf Ekelishiaa jechuun hiikni hafuuraa
isaa walitti qabama worra hojii fayyinaa Gooftaa Yesuus fannoo irratti raawwateen cubbuu
isaanii dhiiga isaatiin miicatanii xuraa’ummaa biyya lafaatti adda ba’anii isa duukaa bu’uu fi isa
waaqessuuf waamamanii jechuu dha (1Phex. 2:9). Ekileeshia (Eclesia) jechuun hiika
kallattiidhaan yammuu ilaalamu walitti qabama namootaa kan ibsu malee ijaarsa manaa miti.

20.

Walitti qabamni ykn tokkummaan namoota Waldaa Kiristiyaanaa keessatti walitti qabaman
bakka garaa garaatii kan dhufan, ilaalcha garaa garaa kan qaban, sanyii garaa garaa keessaa kan
dhufa, beekumsa garaa garaa kan qaban, sadarkaa garaa garaa irra kan jiran, akkaataa guddisa
garaa garaa kan qaban, fi amala garaa garaa qabanii ti. Namootni kun haalaa garaa garaa keessaa
haa dhufan iyyuu dhiiga Yesuusiin micatanii tokko kan ta’anii dha. Qulqullummaan kan ittiin
Waldaa Kiristiyaanaa biyya lafaatti adda baatee fi Gooftaadhaaf addaan baatee dha. Kanaaf
Kiristiyaanonni jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti cubbuutti fagaachuudhaa fi
qulqullummaatti jiraachuudhaan Gooftaa isaanii fi naannoo isaaniitti dhuga baatota Kiristoos
worra jiraatoo ta’uutu isan barbaachisa. (Yoh. 17:14-18, Rom. 12:2, 1Tas:4:3-5, 1Phex. 1:15-16).

Barsiifata Dhugaa (Barsiisa Dhugaa)

Waldaan Kiristiyaanaa ishee dhugaan kan isheen ittiin beekamtuu fi ittiin adda baatu sagalee
Waaqayyoo isa dhugaa barsiisuudhaa fi akka isaatti jiraachuudhaan. (Yoh. 6:45, 1Qor. 1:22-23,
1Xim. 4:16, 2Xim. 1:13, 2Xim. 4:1-4, Tit,. 2:1).

154

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Macaafa Qulqulluu Irratti Hundaa’uu (Ergamtummaa)

Waldaa Kiristiyaanaa barumsa ergamootaa (Macaafa Qulqulluu) fi amantii isaanii erga fadhattee
Waldaa Kiristiyaanaa ergamootaa jedhamti ykn Waldaa ergamtee Wangeela barsiiftu jedhamti.
Akkas jedhamuudhaaf immoo kan barabaachisu barumsa ergamootaa fudhachuu fi isa irratti
hundaa’uu qabdi. (Ho.Er. 2:42, Efe. 2:20)

Deebiiwwan Gaaffilee Keessa deebii Barumsa Waa’ee Guddina Hafuuraa

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

1. Dhugaa
2. Soba
3. Dhugaa
4. Soba
5. Dhugaa

Gaaffiwwan “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhu

6. G
7. A
8. D
9. C
10. B

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. B
12. A
13. D
14. D
15. D
16. D
17. D
18. C

155

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

Gaaffiiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19.

 Kiristoosiin (Waaqayyoon) fakkaachuutti guddachuu. Kiristoosii wajjin wal


qixxaacxhuuf utuu hin ta’in jireenyaan isa fakkaachuu dha (Rom. 8:29, 1Qor. 11:1,
1Xim. 4:7-8, 5:4, 6::3-6, 2Phex. 1:2-7, 3:11-12)
 Nama guutuu ta’uutti guddachuu. (Efe. 4:12-13, Qol. 1:28, Yaq. 3:2)
 Nama Hafuuraa ta’uutti guddachu (1Qor. 2:15, Gal. 6:1)
 Worra kaan tajaajiluutti guddachuu (Ho.Er. 6:4, 1Qor. 3:5, Ibr. 5:12)
 Hafuura Waaqayyootiin baratanii akka jaalala Waaqayyootti jiraachuutti guddachuu.
(Far. 143:10, Rom. 8:12-14, Efe. 6:6, 1Phex. 4:1-2, 1Yoh. 2:17).
 Ijaa Hafuuraa godhachuudhaan kennaa ofiin tajaajiluutti guddachuu. (Mar. 4:20, Yoh.
15:4-8, Rom. 7:4-5Gal.5:22, Qol. 1:10-11).
 Ulfinaa gara ulfinaatti gedderamuudhaan guddachuu (Far. 8:4-7, 2Qor. 3:18)
 Waaqayyoon malee waan tokko iyyuu gfochuun akka hin danda’amne beekuudhaan isatti
of kennuudhaan guddachuu (Yoh. 15:5, Fil. 4:13).

20.

Ergamaan Phaawuloos Kiristiyaanota Efeesoniif waa’ee guddinaa yammuu caafu gara isa mataa
nuuf ta’ee gara Kiristoositti haa guddinnu jedha (Efe. 4:15). Kallattiin guddina keenyaa
Kiristoosiin fakkaachuutti yoo ta’uudhaa baate kallatootni ykn safartuun biraa gara guddina
sirriitti nu hin geessan. Gootota amantii nu dura jiranii fi geggeesitoota keenye irraa waan
baayyee barachuu akka dandeenyu kan hin shakkisiifnee dha. Haa ta’u malee kan nuti
waamamneef bifa ilma Waaqayyoo akka fudhannuu fi isa akka fakkaanuufii dha.

Deebiiwwan Gaaffilee Keessa deebii Barumsa Waa’ee Ergamootaa, Durbee Maariyaam


Qulqulluu, Waa’ee Qulqullootaa, Waa’ee Fakkii (Fannoo), fi Taabotaa

Dhugaa ykn Soba Jedhii Deebisi

1. Soba
2. Dhugaa

156

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

3. Dhugaa
4. Dhugaa
5. Soba

Gaaffiwwan “A” Jala Jiraniif Worra “B” Jalaa Keessaa Deebii Sirrii Filadhu

6. D
7. F
8. E
9. C
10. G

Qubee Deebii Sirrii Qabate Filadhu

11. B
12. D
13. D
14. C
15. D
16. D
17. B
18. C

Gaaffiiwwan Itti Aananiif Deebii Sirrii Kenni

19.

Ergamoota Ifaa (Qulqulloota)

Ergamootni kun Waaqayyo dura deddeebi’anii amanamummaadhaan kan tajaajilanii dha. Ergaa
Waaqayyoo biraa fuudhanii gara namaatti kan fidanii dha (Luq. 1:18-19, 26:-38, 1Xim. 5:21,
Mul. 5:11-12)

 Ergamootni Waaqayyoo irraa gara namaatti malee nama irraa gara Waaqayyootti ergaa
hin geessan. (Mat. 228:1-7, Luq. 2:8-15)

157

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 1)_____________________________Barumsa
Fayyinaa

 Qulqulloota ergamoota Gooftaaf sagaduun, isaanii Waaqessuun, isaaniin faarfachuun


sirrii miti. (Lal. 13:15-16, Mul. 19: 10, 22:8-9)
 Ergamootni umna Waaqayyummaa waan hin qabneef iddoodhaa fi haalaan kan
daangeffamanii dha (Lal. 13:8-14, Dan. 10:13)

Ergamoota Dukkanaa (Ergamoota Kufan)

Seexannii fi ergamootni isaa kufaatii isaanii dura ulfinaa fi haboo waaqayyo kenneef qabu turan.
Sababa of tuulummaa isaaniif yeroo kufanii kaasee garuu haboon isaanii irraa fuudhameera.
Ergamoota dukkanaa kana keessaa boolla dkkanaatti kan hidhaman jiru. Worri kaan immoo
biyya lafaa irra naanna’anii hojii hammeenyaa hojjechaa jiru. (1Phex. 5:8, 2Phex. 2:4, Yihu. 1:6)

Lakkoofsi ergamoota kufanii baayyee baayyata, ajajoonni fi jajjaboonni isaanii garuu Seexanaa
fi Luusifer jedhamu. (Mat. 25:41, Mul. 12:9)./

20.

Waa’ee Durbee Qulqullooftuu Maariyaam, waa’ee qulqullootaa, waa’ee Fakkii (Fannoo), waa’ee
Taabotaa, fi Kadhata Bakka Bu’ummaan godhamuu ilaalchisee deebii kee Macaafa Qulqulluu
wajjin wal bira qabii ilaalii madaal. Akka macaafni qulqulluun jedhutti deebisuu kee
mirkaneeffadhu

158

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e

You might also like