You are on page 1of 171

Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa

Tajaajilaa

Galata

Rakkina Bara kana keessa Waldaa Kiristiyaanaa qunnamaan bay’ee keessaa inni guddaan
Bu’uura amantii kiristiyaanaa isa ta’e Barsiisa kitaba qulqulluu akka ta’uutti kennamuu
dadhabuu isaati. Sababa kanaaf Waldaan Kiristiyaanaa barsiisa amantii kiristiyaanaa kitaaba
qulqulluu irratti hundaa’ee miseensota ishee barsiisuu qabdi. Waldaan Kiristiyaanaa miseensota
ishee barsiisuuf immoo brsiisi kiristiyaanaa kitaaba qulqulluu irratti hundaa’ee sirritti qophaa’ee
barreeffaman dhi’aachuu qaba. Sababa kanaaf tajaajila qophii barnootaan qophaa’ee akka
dhi’aatuuf kakaasuun kan jalqabsiisee xumursiise Waaqayyoof galtnii fi ulfinni hata’u.
Ittifufuun kitaabni barsiisaa kun akka qophaa’uuf kallattii garaagaraan namoota gumaacha
godhan hundumaa maqaa isaanii yoo ibsuudhaabaadhe iyyuu, kitaaba kana qopheessuudhaan,
jalqaba isaa ilaalanii sirresuun, yaada kennuun, komputeraan barreessuun, dezayina gochuun,
fuula jalqabaa isaa hojjechuun, kitaabota garaagaraa naaf ergisuun, kadhaataa fi gorsaan kan
nadegertan, maxansaa fi wantoota barbaachisan hundumaaf maallaqa keessaaniin kan nabira
dhaabbatan hunduma Waaqayyo baayisee isin haeebbisu jenna.
Kitaabni kun yammuu qophaa’u yeroo isaanii aarsaa gochuun kan hojjetan, akkasumas immoo
kitabolee isaanii gutummaan guututti akkan ittifayyadamuuf kan naaf ayyaman( Barsiisaa
Giddajuu Goobanaa, Paster Abenet Ibaabbuu, Ergamaa Daniel Makonin, Paster Hiyeyis
Taddasee, Barsiisaa Yoonaas Asfawuu, Inndashaw Negash,Tsegayee Ababee fi Paster Kaasahun
Agebo) galateeffachuu nanbarbaada. Kun akka jirutti ta’ee, kitaabicha irratti dogoggorri yoo
argame, kan itti gaafatamuu kutaa qopheessaa barnootaa warra ta’aniidha malee namoota kana
miti, sababi isaa bareefamni isaanii guutumaan guututti kan keessa gale utuu hinta’iin, jechoonnii
fi himootni tokko tokko kan jijjiramantu jiru.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Yaadannoo
Kitaabni barsiisa tajaajilaaf qopheessuu kun Waldoota Kiristiyaanaa garaagaraaf, Waldoota
Ministriif namootni dhuunfaa akka itti fayyadamaniif yaadamee kan qophaa’ee dha malee
Kitaaba gurgurtaaf gabaa irraa oolu miti. Sababii kanaaf kitaabota garaagaraa fi midiyaalee
hawwaasummaa garaagaraa irraa barreefamoota fudhanne yaadannoo qaboo miljalee(footnote)
irratti kan ibsine utuu hinta’in kitabota wabii (Bibliography) irratti akka ibsame kabaja guddaan
beeksifna. Kitaba kana irratti barnootni caqafaman kitaabota adda addaa irraa kan fudhataman
waan ta’eef, akkuma olitti ibsame yaadannoo miljalee(footnote) irratti waan hinibsamneef,
kitaaba kana yookaan kutaa macaafa kana keessaa fuudhanii baayisuu, galagachuun, foyesuuni fi
kitaaba kan biraa keessatti bal’isanii ittifayadamuun hinayamamu. Hata’u iyyuu malee namni
kam iyyuu, dhuunfaan ykn gareedhaan ykn Waldaan Kiristiyaanaa kitaaba kana irraa caqafachuu
yoobarbaadan maqaa kitaabichaa, maqaa nama kitaabicha barreessee fi bara kitabichi itti
bareeffame kitaba barsiisaa kana irra utuu hinta’in kitaaba isa jalqabaa sana irraa caqafachuun
dirqama. Kitaabni barsiisa tajaajilaaf qopheessu kun Waldoota Kiristiyaanaa garaagaraaf,
Waldoota Ministrii fi namootni dhuunfaa akka itti fayyadamaniif yaadamee kan qophaa’ee dha
malee Kitaaba gurgurtaaf gabaa irraa oolu kan hintaane ta’uu isaa irradeebinee ibsuun, namni
kamni iyyuu waldaan kiristiyaanaa, namnidhuunfaa, garree fi warri ministriii geggeessan akka
kiataaba qorraannaatti, barsiisaa fi ykn akeeka kana fakkaataniif guutummaan guutuutti ykn
gartokkeen ittifayadamuu nidanda’u. Namootni biyya keessa jirtanii fi biyya alaa jiraatan kitaaba
kana soofti kopi isaa ykn kitaba isaan brbaadan teessookeenyaan yoo nuuf ergitan kafaltii malee
isiniif erguu akka dandeenyu kabaaja guddaan isin hubachiifna.
Teessoonkeenya
Wangeel Birihan Aleem Aqaf Betakristiyaan
L.S.P. 12292 Addis Ababa
Lakk.Bilbila-(011)8693233. Mobayila:-0911364451
Email:- shalomsel@gmail.com
Website:- www.gosplelightintchurch.com

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Akeeka Macaafni Kun Qophaa’eef


Amantii warra wangeelaa maneetii amantaa warra biro irraa kan add isa godhu, kan nuti
amanannu barsiifni Macaafa qulqulluu hundee amantii keenyaa ta’uu isaatin.
Amantiin waangeelaabarakeenya kana keessa jiru amantoota hammatee jiruuf qofa utuu hinta’in
warra bakkee jiraniif iyyuu rakkinni baay’een akka keessa jiru ifaadha. Rakkina keenya baay’ee
isaaf bu’uura ta’ee kan nuti argine giddugaleessummaa aboo cafaanni qulqulla’oon qaban
cabsaanii argamuuf barsiisa dogoggoraa fi jal’isanii barsiisuu akka ta’ee hundumakeenyaaf
hubatamaadha. Jireenyi kiristiyaanummaakeenya barsiisa nuti sirrii dha jennee itti amaneen
geggeefama. Carraan barabaraa amanaa tokkoo kaninni ittin murtaa’uu yookaan amanaa dhugaa
ta’uu fi dhiisuun kan ittin beekamu barsiisa kitaba qulqulluu irratti amatiin inni qabuun malee
miseensa waldaakiristiyaanaa ta’ee deddeebi’uu isaatin miti. Barsiisa hundee amantii isaa
dhugaan yoo ta’e malee jireenya kiristiyaanummaa bu’a qabeessa jiraachuun hindanda’amu.
Barsiifni Macaafa qulqulluu inni sirriin gara dogoggoraa fi badiisaatti akka nuti hindemneef
nugargaaree gara jireenya siriitti nugeessa. Akkuma kana immoo barsiisi dogoggoraa garaa karaa
sirrii hintaanetti nugeessuudhaan dhugaa irraa akka fagaannu nu gochuun wangeela isa kan biraa,
Yesuus isa kan biraa, Hafuura isa kan bira akka nuti fudhannu nu godha. (2Qor.11:4, Gal.1:6).
Basiisi keenya yoo bade jireenyi kiristiyaanummaa keenyaas akka badu beekamaadha. Barsiifni
yoo walmake, barsiifni orma ta’ee yoo itti dabalame qooda jireenya keenya ijaaramu akka
diigamu godha. Jireenya amntii kiristiyaanaa qajeelaa qabaachuu kan dandeenyu yoo barsiisa
kitaaba qulqulluu sirrii ta’ee qabaanneedha. Sababii kanaaf qophiin degersa barnootaa kun
akkanni qophaa’u kan ta’eef. Namni tokko amanaa ta’uun koo qofti ga’aadha, barsiifni amantii
kiristiyaannaa isa kam akka ta’ee beekuun barbaachisaa miti jechuu hindanda’u. Barsiifni
hundeen amantii kiristiyaanaa utubaa amantii fi jireenyi irraa jabaatanii dhaabataniidha. Barsiisi
yoo jijjirame, namni tokko jireenya ammaas ta’e isa dhufu keessatti carraa jireenya isaa
murteessa.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Barumsa 1:-Mala Macafni Qulqulluun ittin Qoratamuu fi Hiikamu


(Hermeneutics)

Boqonnaa 1: Macafa Qulqulluu

1:1. Macaafni Qulqulluun maali?

Macaafni qulqulluun walittiqabama kitaabotaa yammuu ta’u, Amantii fi hojii Waldaa


Kiristiyaanaaf qajeelfama kennuuf aangoo guddaa kan qabuu dha. Macaafni qulqulluun Hafuura
qulqulluun barreeffame. (2Sam. 23:2, 2Xim.3:16, 2Phex. 1:21). Hata’u iyyuu malee
Barreessitooonni kitaba kanaa namoota 40 yeroo, iddoo, sadarkaa jireenyaa fi aadaa adda addaa
kessa warra jiraatanin kan bareeffameedha . Kakuu Moofaan afaan Ibiraysxiin barreeffame,
yertuu kanta’an immoo afaan Aramayikiin kan barreeffamaniidha. Kakuu Haaraan immoo Afaan
Girikiitin barreefame. Macaafni qulqulluun Biyyoota Auropaa, Afirikaa fi Isiyaa keessatti
barreeffame.

1.2 Qabiyee isaa

Macaafni Qulqulluun xalayaa barreffamaa waaqayyoo ittin namaa wajjin walqunnamuudha.


Qabiyeen isaa Waaqayyo fayyisuu isaa fi barabarummaa isaa, akeeka isaa isa barabaraa kan ittin
mul’ise macaafa.

1.3Ergaan isaa

Macaafni qulqulluun namaaf kan kenname egaa waaqa irrati. Macaafni qulqulluun jalqaba
kaasee hanga dhumaa isaati erga tokkicha kan qabu yommuu ta’u, innis Raajotaan kan
dubbatame, du’ee du’aa ka’uu Yesuusin kan dhugoonfame, ergamootaan kan labsame hojii
fayyinaa waaqayyo saba isaaf hojjetee dha.

1.3.Akeeka isaa

Macaafni qulqulluun akeeka bu’uura qabeessaa Sadi qaba.

 Mullata:- Eenyummaan waaqayyoo fi hojiin isaa kan ittin mul’atee fi garaa namaa kan
ittin qoruudha.
 Furii:- Namni cubbamaan gara Waaqayyoo kan ittin dhufeedha.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Qajeelfama:- Gara jireenya Waaqayyoon fakkachuuti kan geessuudha.

1.5 Qoqoodinsa macaafa qulqullu.

Macaafni qulqulluun warra Ibirootaa(Kakuu Moofaan) magaalaa guddittii Biyaa Gibxii kantaate
Alexanderiya Keessatti D.K.D bara 250-150 keessa afaan Girikii irraa jijjiirame. Macaafni kun
Septuaginit ( Beektota Torbaatama)jedhame beekama. Kunis beektota amantii Yihudotaa
Torbaatamaan kan hiikameedha. Yeroo sana keessaa tartiibni isaa, akkaataan teessumaa isaa fi
qoqoddinsa isaa irratti geddaramsi ta’e. Beektonni Alexanderiyaa keessa jiraatan kakuu moofaa
mata duree kana jalatti qoqoodan.

Kakuu Moofaan Macaafota 39 kan ofkeessa qabu yammuu ta’u, iddoo 4 hirama.

 Macaafota Seeraa---( Seera Umamaatii –Seera keessadeebitti- Macaafota 5


 Macaafota Seenaa---(Iyyaasuu- Asteritti)- Macaafota 12
 Macaafota Walaloo---( Iyyoobii- Weeduu weedotaatti)- Macaafota 5
 Macaafota Raajii------Isayaaasii----Milkiyaasitti.

Kakuu Haaraan Macaafota 27 ofkeessaa qaba. Iddoo 4 hiramu.

 Wangeelota…….Matewoosii – Yohannisitti ..Macaafota 4


 Macaafa Seenaa… Hojii Ergamootaa.. Macaafa tokko.
 Ergaawan… Roomee – Ergaa Yihuudaatti… Macaafota 21.
 Macaafa Mul’ataa..Mul’ata Yohannis.. Macaafa 1.

1.6. Burqawan Macaafa qulqulluu

1.6.1. Hafuura baafata Waaqummaa ( Inspiration)- Adeemsa ittinHafuura qulqulluun afaan,


Qubee fi Aadaa namootaatti fayyadamee barreefamaan macaa qulqulluu akka ta’u godhe
Hafuura baafata waaqummaa jedhama. Macaafa qulqulluun hafuura waaqayyoo waan ofkeessaa
qabuuf, Hafura baafata Waaqummaa jedhama. (2Xim.3:16, 2Pex.1:21)

Macaafa Qulqulluun Hafuura baafata Waaqummaatti yammuu jennu, wantoota 3 hubachuu


qabna.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

A. Fedha Waaqummaa. Sagaleen Waaqayyoo adeemsa Hafuura Waaqayyootin barreeffamuu


keessatti sochiin isa jalqabaa Waaqayyoo dha. (2Pex1:21). Kun jechuun Waaqayyoo inkakaase,
Rajoonni dhugaa dubbatan ykn Waaqayyoo inmul’ise namni inbarreesse. Burqaan sagalee
Waaqayyoo fi Aangoon isaa Waaqayyoo dha.

B. Namatti fayyadamuu isaa: Sagaleen Waaqayyoo kan barreeffame ykn jecha namootaatin kan
kaa’ee namuma. Waaqayyoo namootni muraasni ergaa waaqummaa isaa akka dabarsan godhe.

C. Aboo Macaafa qulqulluu. Sagaleen Waaqayyoo hafuura waaqayyoo akka qabaatu kan godhe
fi caffataan jechoota namootaatin akka dhiyaatu kan godhe waaqayyo waan ta’eef Aboo qaba.

1.6.2. Mullata Waaqayyoo (Revelation):- Mul’ata jechuun karaa Ykn beekumsa waaqayyo
ittin waa’ee eenyummaa isaa Hojii isaa fi fedha isaa ofii isaatii namatti mul’iseedha. Mul’isuun
hojjii waaqayyo qofa yammuu ta’u, macaaf Hafuura waaqayyoo qabu yommuu jedhamu immoo
adeemsa mul’aticha bareefamaan kaa’uu keessaatti qoodafudhannaan barreessitootaas keessa
jiraachuu isaa agarsiisa.( Yoh.10:35, Gal.1:16)

1.6.2. Ibsuu Waaqummaa (Illumination). Macaafa qulqulluu hubachuu dhaafi amanuudhaaf


gargaarsa Hafuura Qulqulluu nama barbaachisa. Kunis ibsuu waaqummaa jedhama. (1Qor.2:12-
14; Efe.1:17-19)

1.7. Macaafa qulqulluun Amala Waaqummaa fi amala Namummaa of keessaa qaba.

Macaafa qulqulqulluun afaan namootaa fi seenaa keessatti kan bareeffame dubbii Waaqayyooti.
Macaafa qulqulqulluun Sagalee Waaqayyoo waan ta’eef fayidaa isaa kan barabaraati. Dhala
namaa hundummaaf, baraaf aadaa kami iyyuu keessa kan jiraatuudha. Macaafa qulqulluun
sagalee waaqayyoo waan ta;eef isa dhaga’uuf isaaf abbomamuu qabna.

Macaafa qulqulluun amala waaqummaa qaba yammuu jennu kallattiidhaan mul’ataan waaqayyo
biraa dhufuu isaa agarsiisa. Harmaan gaditti kan caqafaman macaafa qulqulluun amala
waaqummaa qbachuu isaa agarsiisu:

 Kallattiidhaan Waaqayyo biraa dhufe( Erm.1.4)


 Dubbii afaan waaqayyoo keessaa ba’eedha( Mat.4.4)
 Hafuura Waaqayyoo ofkeessaa qaba( 2Xim.3:16-17)

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Geggeessaa Hafuura Waaqayyootin Sagalee Raajii dubbatamee dha( 2Phex.1:20-21)

Macaafni Qulqulluun amala namummaa qabachuu isaa kan ibsu:-

 Afaan namootaa garagaraan bareefamuu isaa(Ibirayisxii, Girikii fi Aramayikiin )


 Namoota garagaraa 40n barreeffamuu isaa.
 Sirna barreeffama adda addaa ofkeessatti qabaachuu isaa( seera, walaloo, raajii…)
 Aadaa namootaa ofkeessatti qabaachuu isaa( Yoh. 7:1-2; 2:37)
 Jechootna namootaa waan ofkeessaa qabuuf( 2Xim.4:13)

1:8. Nama Macaafa qulqulluu qoratu.

Macaafa qulqulluu dubbisuu fi qorachuuf beekun kan qabnu, macaafa qulqulluu isa qoratamu
sana qofa utuu hinta’in waa’ee nama isadubbisuu fi isa qoratu sanaasi. Macaafa qulqulluu
kaaraa bu’a qabeessa ta’e qorachuudhaaf, qorachuudhaaf wantoota nama gargaaran beeku qaba.
Qorannaadhaaf wantoota nama barbaachisan keessaa:

A. macaafa akkaataa gaariitti maxxanfame.

B. waan ittin barreefatan fi Yaadannoo

C. Iddoo qorannaa. Bakka Yaadni namaa itti sassaabamu filachuu.

1.8.1. Qophii dhuunfaa.

Macaafa qulqulluu dubbisuu fi qorrachuuf yammuu qophoofnu, waantoonni armaan gadii


jireenya keenya keessa jiraachuu qabu.

A. kabajuu

Macaafni qulqulluun dogoggooraa kan hinqabnee fi aboo kan qabuudha. Sababii kanaaf akka
sagalee waaqayyooti ulfina laachuufin macaafa qorannuu dha.

B. Fedha

Gara sagalee waaqayy qorachuu yommuu dhufnu, sagalee isaa qorachuu fi hubachuuf fedhii fi
dheebuun dhugaa nukeessaa jiraachuutu irra jira

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

C. Banamaa ta’uu fi bitamuufii

Sagalee waaqayyoo yommuu dubbifnu beekuuf qofa utuu hinta’in, dhugaa beekne sanaaf
hafuura abbomamuu fi bitaamuuf qabaachuu qabna.

D. Gadi ofdeebisuu

Sababa cubbuutiif garaan keeenya jabaatee oftuulummaan hidhameera, kanaaf sagalichi nu


qajeelchuu waan barbaaduuf fedha qabachuutu nurrajira.

Booqonna 2:- Sirni Hiikaa (Hermeneutics) Maali?

Sirni hiikaa: macaafa qulqulluu hiikaa isaa isa gara jalqabaa argachuuf hojii hojjetamuu dha.
Kanaaf sirni hiikaa Sayiinsiidha, Ogummaadha, hojii Hafuuraati.

Sayinsiidha yammuu jennu:- Namuusaa fi seera ittin hojjetamuu qabaachuu isaati.

Ogummaadha Yammuu jennu: Yaada macaafichaa hubatnee hiikuu fi jereenyaa wajjin


walfudhachiisuuf beekumsa barbaada.

Hojii Hafuuraati yammuu jennu:- Walittidhufeenya Waaqayyoo wajjin uumuu fi gargaarasa


hafuura barbaachisa jechuudha.

Kanaaf sirni hiikaa qajelfamaa fi malatti fayyadamuun ergaa isaa isa gara jalqaba jireenya isa
ammaa wajjin walfudhachiisuuf gargaara.

2.1 Sirni Hiikaa maaliif nu barbaachisaa?

Sababa murteessoo lamaaf nubarbaachisa:

2.1.1 Amala Dubbifatootaa irraa ka’a

Dubbifatoonni karaa biraa inhiiku; kanaaf hubatnoo ofii isaanii kan hafuura qulqulluu fi isa kan
breessaa jalqabaa sanaa godhanii ilaalu. Akka dubifatootaati, hubannoo isa kan ofiikeenyaa,
tilmaama, muuxannoo fi aadaa keenya qabannee dyiyaannaa; kunis yeroo tokko tokko yaada
ergaa sanaa keessaa nubaasa. Fakeenyaaf, waa’ee fannoo yammuu yaadnu, garaa yaada
keenyaatti dafee kan dhufu isaa nuti Kiristoos duukaa bu’uudhaan jireenya qulqullummaa
jiraachuudhaan rakkina nurra ga’u utuu hinta’in, fannoo isa muka irraa, warqee irra ykn birrii

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

irraa hojjetamee morma keenyatti rarraafannu sanatu nuti dhaga’ama. WaldaaKiristiyaanaa bara
har’aa yammuu ilaallu iyyuu sirni hiikaa akka barbaachisu dirqisiisa.

2.1.2 Amala Macaafa qulqulluu irraa ka’a

Macaafni qulqulluun wagoota 1500 gidduutti biyyoota 3(Auropaa,Isiyaa fi Afirikaa), afaan adda
addaa 3 ( Ibirayisxii, Grikii fiAramayikii) namoota garaagaraa 40, addaa fi sirna bareefamaa
garaagaraatin hafuura qulqulluun geeggeefamee kan barreefame dubbii waaqayyooti. Kanaaf
nu’ii fi dubbifatoota warra jalqabaa fi barreessitoota warraa jalqabaa gidduu garaagarummaa
afaanii, seenaa aadaa fi hubannaa waan jiruuf macaafa qulqulluu hubachuuf wantoonno kun
nudaangessu. Sababa kanaf macaafa qulqulluu sirriitti hiikuuf wantoota kana hundumaa kan
ofkeessatti qabate sirna hiikaa nubarbaachisa.

2.1.3 Sirni hiikaa hubannoo fi ittifayadama macaafa qulqulluu dogoggoraa irraa nu eega.

Sirni hiikaa nuti ittifayyadamnu sagalee isaa attamitti akka hubannu murteessa. Karaan nuti
dubbii isaa hubannu immoo sagalee waaqayyoof ilaalcha nuti qabnuu fi jireenya Kiristiyaanumm
aa keenyaaf murteessaadhaa. Ilaalchi nuyi dubbii waaqayyoof qabnu immoo jireenya ammaa
keessa jiraanuu fi isa dhufuuf jiruu sanaaf carraa keenya murteessa. Sirna hiikaa isa sirriiti
fayyadamuun gara dogoggoraatti akka nuti hindeemneef gargaaree gara jireenya isa dhugaatti
nugeessa. Namootni baayeen macaafa qulqulluu hiikuun barbaachisaa miti, sagaleessaa banadhu,
dubbifadhu, waan iinni siin jedhe qofa godhi jedhu. Kun sirrii miti; fknf, luqisawan kana ilaalaa:

 Yihuudaan dhaqee hudhee ofajjeesse(Mat.25:7)


 Yesuusis dhaqi attis akkasuma godhi jedhe.(Luq.10:37)
 Yesuus waan gootu dafii godhi jedhe(Yoh. 13:27)

2.2 Sirnaa hiikaa macaafa qulqulluu keessaatti ga’ee hafuura qulqulluun qabu.

Macaafa qulqulluun geggeessaa hafuura qulquluutin akkuma caafame, akkasumas ad

eemsa sirna hiikaa keessatti hiiktota geggeessuu fi gargaaruu keessatti qooda qaba.

Sirna hiikaa keessatti Hafuura qulqulluun ga’ee harmaangadii qaba.

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

a. Hafuura qulqulluun macaafa qulqulluun sagaleen waaqayyoo sagalee aboo qabu ta’uu isaa
nuuf dhuga ba’a.

b. Hafuura qulqulluun warra dubbisuuf ergaa isaa inbsa.

c. Hafuura qulqulluunn sagaleen isaa kanubarsiise akka fudhannuu fi jireenya keenyaa wajjin
akka walsimsiifnuuf nu gargaara.

d. Hafuurri qulqulluun sagalee waaqayyoo isa barreefamee alatti kan nutty mul’isu hinqabu.

Macaafa qulqulluu yammuu dubbifnu hiikaa, ibsaa dubbifna, hubachuu kan qabnu kan nuti
hiikannu humna hafuura qulqulluuttin.Gartokkee ergaa isaa sammuu keenyaan beekuu
nidandeenya, ergaan isaa jireenya keenya irratti dhiibbaa akka fidu gochuuf hafuura qulqulluutu
nugargaara. Sirni hiikaa inni sirriin kadhataan jalqabamuu qaba.

2.3 karaa ittin macaafa qulqulluun qoratamu

Malli ittin macaafni qulqulluun qulqulluun ittin qoratamuu fi hiikamu adeemsa sadarkaa sadi
qaba. Adeemsa ilaalchaa(Observation), adeemsa hiikuu(Interpretation), adeemsa walfudhachiisu
(Application) jedhamu.

Boqonnaa 3:- Ilaalcha (Observation)

Sirna hiikaa keessatti adeemsi inni jalqabaa ilaaludha. Adeemsi kun yeroo fi xiyyeeffannoo
barbaada. Dursee isa jiruu fi isa booda kutaa jiru akaataa barreefamaa sana ilaaluu irratti yeroo
fudhachuu barbaada. Kanaaf dubbisi,dubbisi,dubbis.

3.1. Akkaataa Barefamichaa

Sirna hiikaa keessatti “ halli Mootiidha” inni jedhu qajeelfama gaariidha. Haalaa barreefama
sanaa qorachuun jecha, addeessaa, keeyata fi boqonnaa macaafa giddugaleessa godhate ergicha
kan walfudhachiisuuf tokkummaa isaa kan eegu fi macaafichi kan hindubatin akka hidubbaneef
nama eega. Haala keessatti barrefame inni jedhu kun, nanno barrefama sanaa kan jiruu ilaaluu
jechuudha. Adeemsa qorannaa macaafa qulqulluu keeaatti jechoota, himootaa fi addeessa
naannoo isaa jiraan qo’achuu jechuu dha. Kutaa qorachuu barbaane oli fi gadi duraa fi duuba isaa
kan jiraan ilaaluu dha.

10

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3.1.1 Akkaataa bareeffamicha adda baafachuu.

Qorrannaan kan jalqabuu haala kutaa qorachuuf filanne sana adda baafachuu irraa jalqaba.
Hiikaa kutaa sanaa kan murteessu haala inni keessatti barreefame waan ta’eef. Jechi tokko kan
hiika godhatu jechoota kan biraan ilaalameeti. Fknf ‘horii’ jechuun qarshii ykn bineldota manaa
ta’uu danda’a garuu hiikaa sirrii argachuuf yaada barrefamichhaa ilaaluun arganna.

Fknf; ‘Foon’ kan jedhu macaafa qulqulluu keessatti hiika bayee qaba, kanaf hiika isa sirrii
argachuuf isa dura fi isa booda kan jiran dubbisuu qabna. S.Um. 2:24, S.Ba’u 20:26, Iyuel 2:28,
Mat 26:26, Luq.17:37, Yoh.8:15, Rom 6:6, 1Qor 3:3, 5:3-4, 2Qor 5:8, Gal.1:15-16,Efe, 2:11,
Fil.1:20-21, Ib.5:7), haala isa isa dura fi isa booddee jiru sirritti yoo ilaaluu baanne macaafa
qulqulluun kan walfaallessuu fakaata. Phaawulos fayyinni amantii qofaan yammuu jedhu
Yaa’iqob immoo fayyinni hojiidhaan waan jedhu fakaata.(Efe. 2:5, Ya’iq.2:20-26). Sera
kessadeebii keessatti abboomamuun eebba akka fidu, Yesuus immoo abbomamuun ariyatama
fidaa jedhee barsiiseera.( Se.kes 28:1-14, Marq 29:30)

3.1.2. Akkaata barefamaa adda addaa

Akkaataa barreeffamaa adda addaatu jiru:

a/ Akkataa sirna bareffaamaa

sirna barreefamaan yammuu jennu barrefamoota kutaa nuti dubbifnu sana marsanii jiran jechuu
dha. Frooma bareffamni inni tokko barefama isa isa marsee jiru walin qabu jechuu dha. Fknf,
Yoh 3:3, qorachuuf haalli akkataa barefamaa ilaalamu Yoh.3:1-22.

b/ Akkataa barreefama seenaa

bareeffama seenaa yammuu jennuu Yeroo barreefamichi barrefame haalota yeroo sana turan kan
ilaallatuudha. Wantoota walitti dhufeenya sirna barrefamaa sanaa fi isa ala jiranii agarsiisanii
dha. Barrefamni tokko yammuu barreeffamu haalonni yeroo sana turan akka maddaalli seenaa
tokkotti ilaalamuu qabu. fknf, bara baay’eedhaaf namni tokko hidhaa hafuura hamaatti hiikamuu
isaa kan ittin madalamaa ture, 1Qor.12: 3 Yesuus Gooftaadha jechuudhaan ture. 1Qor.12:3
bareffama isaa hubachuuf, bara ergamoota kan ture seenaa warra Roomaa hubachuun
barbaachisaa dha. Bara sana motonni warra Roomaa akka Waaqaati of ilaalu turan. Qeesaar

11

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Gooftaadha jechuun mallattoo warra Roomaati. Kiristiyaanotni Gooftummaa Yesuus gananii


Qeesaar Gooftaa akka ta’ee akka dhugaba’aniif dirqamsiifamaa turan. Warri dhugaanii fi warri
hafuurri waaqayyoo isaan gargaaree Yesuus Gooftaadha jechuun aarsaa ta’aa turan. Kanaaf bara
sana Yesuus Gooftaadha jechuuf gargaarsa hafuura qulqulluu nama barbaachisa ture.

c/ Akkaataa walitidhufeenya jechootaa

Walittidhufeenya jechootaa akkaataa himootaa fi keeyataa waliin kan ibsuudha.

d/ Akkaataa aadaatiin

akkaataa ilaalcha aadaatiin Yammuu jennu, ilaalcha namoota yeroo sana turani, akkaataa
dubbannaa isaanii fi hojii isaanii guyyaaguyaa kan ilaallatuudha. Fknf. Aadaa yeroo sana
hinbeeknu yoo ta’e Luq 7:38 hubachuu hindandeenyu. Aadaa warra yihudotaa hinbeeknu yoo
ta’e kutaa kanahubachuun rakkisaa dha. Karaa duubaatiin dhaabatee attamitti miilla isaa
dhungachuu dandeessee? Gaafi ta’a

e/ Akkaataa teessuma lafaatin

Akkaataa teessuma lafaa hubachuuf, kutaa dubbifanne sana hubachuun barbaachisaa dha. Fknf.
Yoh4: 3-4 akkas jedha: “ biyya Yihudaadhaa dhiisee Galiilaa dhaqe… Samaariyaa keessa
darbuun isa irra ture”. Yesuus wangeela Luqas 10:25-37, kan caqafame seenaan namicha
samariyaa sun sirritti kan nuuf galu danda’u, akkaataa teessuma Yerusaleemii fi Yerikoo yoo
hubatne qofa.

f/ Akkaataa siyaasaa

Akkaataa siyaasa yeroo sanaa yammuu jennu: ilaalcha siyaasaa geggeessitoota yeroo sana turan
fi hojii isaan guyyaa guyyaatti hojjetaa turan ilaallata.fknf, waa’ee Yesuusii fi waa’ee Yohannis
Cuuphaa hubachuuf Luq.3:1-2, iraati kan caqasaman, Qeesaar, Philaxoos, Herodis Philphos,
Lisaniyos, Haannaa fi Qayyaaffaa eenyummaa isaanii fi angoo isaan qabaachaa beekuu qabna.

g/ Akkaataa barsiisa dubbii Waaqayyoo:

Warraa ergaa sana baressee fi warra ergichi barreeffameef waa’ee dubbii waaqayyoo hubatnaa
isaan qaban kan agarsiisuu dha. Macaafichi kan bareeffame kakuu isa kam jaatti? Kakuu isaa

12

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

moofaa moo isaa haraadha? Fknf, Bara Iyyob ture keessa namni wanuma facaase hammata kan
jedhu ilaalchatu ture, sababi kanaaf firoonni iyyobe waanuma facaafte haammate jedhanii itti
falmaa turan.

3.1.3. Akkaataa haalaa attamittin hubannaa

Kana qorachuudhaa fi burqaa kan keessaa fi kan alaatu jira. Odeefannoo inni keessaa isaa caaluu
yammuu ta’uu inni alaa immoo ittidabalata. Burqaa inni keessaa macaafa qulqulluudha.
Akkaataa haala bareffamichaa hubachuuf namni macaafa hiiku tokko kuticha irra deddeebi’ee
ilaaluu qaba. Namni macaafa hiiku tokko gargaarsa isa karaa alaa argachuudhaaf, kaartaa
macaafa qulqulluu, insayiklopidiaa, kuusaa jechoota macaafa qulqulluu, baafata luqisii fi
komenteroota dubbisuusu qaba.

3.2 Fakkii isa guddaa argachuu

Akkataa barreefamaa erga argannee booda hojiin keenya fakkii isaa isa guddaa argachuudha.
Sadarkaa inni qabuun ilaala.

a. Kuticha irra deddeebi’anii dubbisuu

Kutaa filannee sana irra deddeebinee gaafa dubbifnu, waligala ergaa kutaa sanaa, akkaataa
walta’insa isaatii, seenaa isaa fi kkf hubachaa dhufna.

b. Akkaataa sirna barreefama isaa adda baafachuu.

Macaafa qulqulluu yammuu ilaalu sirna barrefamaa torbatu jira. Isaanis:

 Seenaa (Fknf, Abbota Firdii)


 Seenaa dhuunfaa ( fknf, Iyesuus Kiristoos)
 Walaloo( Fkn, Farfannaa Dawit)
 Fakeenya (Macaafa fakeenya)
 Raajii ( Fknf, Inbaqom)
 Ergaa Xalayaa ( Fknf,2Xemotewos)
 Waa lama( Daniel/ seenaa fi Raajii)

13

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

c. Kutichi waa’ee ofii isaa ha ibsu

Kuta nuti qorachuuf filatne yaada isa kan keenyaa nuti sammuu keenyatti qabannee jiru utuu
hinta’in ilaaluun kan nuuf ta’uu kutichi waa’ee ofii isaa erganni dabarsu qofa.

d/ Gaafii bu’uura qabeessa ta’an gaafachuu amaleeffachuu.

 Eenyutu barreesse?
 Maaliif barreeffame?
 Maaltu barreeffame?
 Eessatti barreeffame?
 Eeenyuuf barreeffame?
 Yoom barreeffame?

e/ Seenaa kutaa Macaafa qulqulluu sanaa tokko tokkon beekuu.

 Akkaataa aadaa barreffama kutaa sanaa ilaaluu.


 Akkaataa amantaa kutaa sanaa ilaaluu
 Akkaataa barsiisa macafa qulqulluun sun keessatti barreeffame ilaaluu.
 Akkaata teessuma macaafichi keessatti barreeffame ilaaluu.
 Siyaasa macaafichi keessatti barreeffame ilaaluu.

f/ Jechoota ijoo ta’aan deedebi’anii kuticha keessatti argaman yaadatti qabachuu.

Kutaa nuti qorachuuf filanne yeroo irradeddeebinee dubbisaa adeemnu yaada ijoo ta’an irra
deddebi’amanii barreeffaman qalbifataa adeemna.

 Adeemsa kana hundumaa keessatti hubachuun kan nubarbaachisu kutaa macaafaa nuti
hiikachuuf filatne kana olotti kan ilaallee gaafii sana hundumaa akka nuti gaafannuuf
gochuu dhiisuu danda’a.

Fkn.1 Macaafa filmoonaa

a/ Kadhataan jalqbuu qorannaaf kan filanne kutaa macaafa filmoonaa irra deddeebinee dubbisuu.

b/ Sirna barreeffama isaa ilaaluu.

14

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Filmoonaan barreefa ergaa waan ta’eef sirnni barreeffama isaa akka Xalayaatti.

c/ qorannaaf kutaan filatame waa’ee ofii isaa hadubbatu.

 Waa’ee kitichaa beekumsa dura qabnu keessaa baanee waa’ee ofi isaa kaninni dubbatu
hubchuudha.

d/ gaafiiwan bu’ura qabeessa ta’an gaaffachuu.

 Eeenyytu barreessee? Phawulos


 Eenyuuf barreeffame ? Filmoonaa
 Maaliif barreefamee? Araarsuudhaa fi Onesimoosin jireenya isaatti akka gargaaruuf.
 Maaltu barreefame? Gooftaa kanta’e Filmoonaa nama jedhamuu garbicha kanta’e
Onesimoos nama hinamanne tokkotu ture. hata’uu iyyuu malee yeroo tokko keessa
Gooftaa isaa jalaa hatee nama bade fakkaata. Kana gidduutti karaa Phawuloos amanaa
ta’e, Phawulosinis intajaajile. Filmoonaan nama Waaqayyotti amane, jaalala qulqulloota
kan qabu, jalatamaa fi hojjii wangeelaaf nama baa’yee dhama’uu ture. Mana isaa
keessaatti walitti qabamni kadhannaa nigeggeeffama. Sababii wanta ta’ee kanaaf,
Phawuloos Filmoonaan Onesimoosin akka simaatuuf waa’ee geddaramsa jireenyaa isaa
xalayaa barreessee Filmoonaaf erge.
 Eessatti barreeffamee? Mana hidhaa Roomaa keessa ta’ee barreesse.
 Yoom barreeffamee? Dhaloota Kiristoos booda bara 60 keessa.

e/ Seenaa tokkoon tokkoo kutaa macaafichaa beekuu.

 Garbootaa Filmoonaa keessaa tokko kan ta’ee Oneesimoos gooftaa isaa jalaa qabeenya
hatee garaa biyya Roomaatti akka bade agarsiisa. Seera warra Roomaa keessatti yakki
akkasii kun du’aan adabsiisa.

f/ Jechoota ijoo ta’an yaadatti qabachuu.

Jechoota irra deddeebi’aman Himoota irra deddeebi’aman

o Hidhamaa Kiristoos Yesusiif kan hidhame


o Amantii yaa obboleessako
o Jaalala utuun garaa sin ciibsin

15

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Boqonnaa 4. Adeemsa Hiikaa/ Interpretation/

Hiikuun kan jalqabuu tartiibaan kankeenye duraa fi duuba isaa eeguudhaan. Jalqaba warra
ergichi barreeffameef dhugaa barbaachisaan isa kam akka ture argachuuf yaaluudha. Macaafa
qulqulluu sirritti hiikuudhaaf qajelfama nuti duukaa ba’uu qabnuutu jiru. Isaanis:

4.1. Macaafa Qulqulluu sirritti hiikuuf qajeelfamoota barbachisoo

a. Qajeelfamoota akkataa haalota dubbisaa yadachuu

kun waa sadi ofkeessaa qaba

 Luqisii fi Boqonnaa naannoo isaa jiran


 Macaafa inni irratti argame.
 Waligala macaafa qulqulluu( sagalee Waaqayyoo)

Hiikaan keenya mataduree, akekaa fi hariroo kutaa nuti qorranuu sanaa wajjiin walfudhachuu
qaba. Akkasumaas hiikaan keenya kutaa macaafa qulqulluu iddoo biraa jiraanii wajjin kan
walfaalleessu ta’uu hinqabu. Fknf, 1Qor10:31, hundumaa ulfina waaqayyootiif godhaa jechuun
maal jechuudhaa? Waanuma garaankeenya hawwe ulfina waaqayyootiif goona jechuudhaa?
Miti, yaadni kun haala kutaasanaan walqabsiifamee kan hiikamu qofa.

b. Yeroo hundumaa yaada Waaaqayyoo keessa ta’uu

luqisii tokko yammuu qorannuu, yaada arganne sanaa kutaa macaafa qulqulluu jiraan akka
waligalaatti jiranii wajjin dhugaa isaa ilaaluu qabna.

c/ sagaleen waaqayyoo walii isaan kan hinmorminee ta’uu beekuu.

d/ kutaawan sirritti namaaf hinubtamne irraatti barsiisa bu’uura amantii brsiisuu irraa
ofeeggachuu. Fknf. 1Qor15:29, hiikni kutaa kanaa inni sirriin isa kami? Warra du’an cuuphaa
jedha moo ykn warra dua’an bakka buunee akka cuuphamnuudha?

e/ kutaan macaafa qulqulluu kami iyyuu akka akkaataa sirna barreeffamaa isaan hiikamuu qaba.

Seera? Seenaadhaa? Walaloodhaa? Raajiidhaa? Makaadhaa?

Tokkoon tokkoon isaanii akkaataa hiikaa mataa isaanii qabu.

16

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

f/ Kutaa qorrataa jirtu sana keessaa yaada brreessichaa hubachuuf yaali.

g/ yaada irra geese sanaa, kitaabota ibsa kennan sirrii ta’anii wajjin walbira qabi ilaali.

4.2. adeemsa hiikuu keessatti dhugaa irratti xiyyeffatamuu qaban.

Macaafni qulqulluun afaan namootaan kan barreefame dubbii waaqayyooti. Sagalee waaqayyoo
kana keessatti jecha jechaan kan barreeffame qofa utuu hinta’in fakeenyaanis kan barreeffamnan
jiruu waan ta’eef addaan baafnee hubachuu dha.

a. Yadda kan walbira qabee ilaalu(Simile)

Yaada adda addaa lama walbira qabanii ilaaluu dha. Wantoota kan lamaan walbukkee
qabuudhaaf walitti hiituu fayyadama. Fknf, 1Phex 1:24. “Akka” Foon qabeessi hundinuu ‘akka’
margaati.. Luq 10:3, akka Hoolotaa …..

b. Fakeenyaan walbira qabuu(Metaphor)

wantoota garaagaraa lama walibira qabanii hiikuu. Fkn, Yoh.15 1-5 Yesuusin muka wayinii
wajiin walbira qabee. Sabicha immoo dame mukichaa waliin walbira qabe. Mat 5:13 ‘ isin
soogiga lafaati jedha.

c. Guddisanii ibsuu(Hyperbole)

Yaada tokko kan yaadamee olitti olkaasanii ibsuudha. Se.kesadeebii 1:28 “ mandaraa gurguddaa
dallaa dhagaa bantii waaqaa keessa ga’uun marfame qabu’. haala kanaan fayyadamuun jechoota
warra Isira’el keessatti amaleeffatamee jira. Mat.23:24 ‘ Bookee ni calaltuu Gaala inliqimsitu’
jedha.

d. Haaypokataasis

waan ittifakeessu sana kallattin fayaadamee ibsuu. Fil.3:2 ‘ Saroota irraa ofeeggadhaa”
Marq.1:17 “ Namoota kan walitti qabdan isin goodha” isaanin jedhe.

e. Akkaataa amala Namaatiin ibsuu ( Personification)

Bineensa Ykn wantoota mul’atan tokko amala namaatiin ibsuu dha. Isay.55:12 “ tulloonnii fi
gaarootni isin duraatti inililchu,Mukeetiin caakaa hundinuus harka walitti inrukutatu.

17

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

f. Yaada dhokataan dheekamsa dubbachuu(Irony)

Jecha yammuu dubbatamuu isa dhaga’uu dinqifachiisuu fi nama isa itti dubatame sana immoo
kan gadisiisu jechudha. 1Qor.4:8 Amantoonni qoronxoos Mootota ta’anii miti, Phaawulos garuu
jecha dhokataan isaan dheekamuu barbaade.

g. Fakeenyota

Fakkenyi dhugaa tokko ittin dabarfachuuf akeekatamee kan dubbatamuudha. Fakeenya tokko
keessa yada ijoo tokko dabarsuuf tokkoon tokkoo yaada fakeenyicha keessa jiru hiikuuf yaaluun
dogogoratti nama geessuu danda’a. Akkasumas fakkenyi kan hiikamu akka haala yeroo
barreeffame sanaatti malee akka yeroo ammaatti hiikuun indanda’amu.

h. Akka bifa namaatti ibsuu(Anthropomorphosim)

Waaqayyoon akka namaatti ykn akka amala bineensaatti qabutti ibsuu dha. Se.Ba’u 19:4

Boqonnaa 5 Adeemsa Walifudhachiisuu (Application)

Sirna hiikuu keessatti adeemsi inni garaa dhumaa jireenyaa wajjin walfudhachiisuudha. Kunis
namoota har’a jiraaniif hiika inni dabarsuu murteesuudha. Sadarkaa kan irratti aboo sagalee
waaqayyoof bitamuu keenya argarsiifna. Jijjirama amantii, amalaa fi ilaalchaa fiidudhaan
kutichaaf deebii laatna. Dubbisuu fi hiikuun jireenyan walfudhachiisuu hinqabu taanan gati
hinqabu. (S.es 30:11-12, 32:44-47,Iyas 1:7-9,Far 119:1,2,4,9,17…)

5:1 jireenyaan walfudhachiisu keessatti eeggannoo nuti gochuu qabnu:

a. kuticha eeggannoon dubbisuu fi hiikaa sirri ta’ee irratti walfudhachiisuu.

b. kuticha ariiffannee dhageeffatoota har’aatti walfudhachiisuuf irraa ofeegachuu.

c. dhageefattoota bar asana turan warra har’ajiraanii wajjin walbukkee qabnee ilaaluu.

d. kutaan macaafa qulqulluu kam iyyuu dhageefatoota har’aaf erga qaba, hata’u iyyuu malee
kutaan macaafa qulqulluu hundinuu akka warra jalqaba barreeffameef sanaaf warra har’aaf karaa
walfakaatuun walfuchuu dhiisuu danda’a

18

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

e. Hafuura qulqulluun attamitti jireenya kee waliin akka walfudhachiiftuu akkanni siqajeelchuuf
kadhadhu.

5:2. Jireenyaan yammuu walfudhachiifnu gaafii nuti gaafachuu qabnu.

a/ Cubbuu dhiisuu qabnu jiraa?

b/ fakeeny nuti duukaa bu’uu qabnu jiraa?

c/ Abdii nu’I qabachuu qabnu jiraa? kadhata nuti qadhachuu qabnu jiraa?

d/ wanti nuti gochuu qabnu jiraa?

e/ wantii nuti guutuu qabnu jiraa?

f/ Luqisii nu’i yaadatti qayyabachuu qabnu jiraa?

g/ dogoggora nuti hubachuu qabnu jiraa?

h/ wanti nuti ittin wal’aansoo qabuu qabnu maali?

Fakeenya 3. Filmoonaa ilaalla.

a/ Cuubbuu dhiisuu qabnu jiraa? Hanna

b/ fakeenya duukaa bu’uu qabnu jiraa? Dhiifama gochuu fi qulqulloota simachuu qabna akkuma
Filmamoonaan godhe.

c/ Abdii nu’i qabachuu qabnu jiraa? Kiristiyaanummaan jaalalaa fi dhiifamaan jiraachuudhaan


qulqulloota garaa ciibsuudhaa.

e/ kadhata nuti qadhachuu qabnu jiraa? Warra nu yakkanii fi dhiisuu akka dandeenyu kadhachu

d/ wanti nuti gochuu qabnu jiraa? Namni waaqayyotti araarame tokko namootaa fi dhiifama
godhee namootas walitti kan araarsuudha.

e/ wantii nuti guutuu qabnu jiraa? Warra nuyakaniif dhiifnee dhiifama fudhachuu.

f/ Luqisii nu’I yaadatti qayyabachuu qabnu jiraa? 1:17

19

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

g/ dogoggora nuti hubachuu qabnu jiraa? Onesimoos gochaan isaa sirrii hinturre.

h/ wanti nuti ittin wal’aansoo qabuu qabnu maali?________

Boqonnaa 6: Amaloota Macaafa qulqulluun qaban

Macaafonni macaafa qulqulluu keessa jiran bifa tokko hinqaban. Sirna bareeffana fi boci isaani
garagara.

6:1. Ergawaan Kakuu Haaraa

Ergawaan kakuu haaraa amantoot hundumaa biraatti akka dubbifamaniif yadamee


qanqopha’aniidha. (Qol.4:16, 1Pex.1:1. 2Pex.3:16, Mul.1:3) egawaan kun sirna barreefamaa
garagaraa ofkeessatti qabachuu nidanda’u.

6:1.1. Amala ergawanii

a. Haal yeroo irratti kan xiyyeffatanii dha. Kun jechuun wanta barbaachisaa ta’e tokko
ilaalchisee kan barreeffame jechuudha. Rakkina yeroo sana jiruu furuuf kan barrefamaniidha.

b. Ergawaan kun aboo warra barreessanii sana kan bakka ba’uudha. Ergawaan sun faagoo ta’anii
geggeessitoota waldaa fi dhimma geggeessummaa qajelfama kennu.

c. Ergawaan kakuu haaraa eggannoon kan barreffamaniif kan ergamaniidha.

d. Ergawaan kakuu haaraa bifa tokkicha kan qaban miti. Kaan isaanii bifa xalayaa yamuu qaban
kaan immo hinqaban.

e. Amala gargar ba’e xiqoo qabu. fknf, waan garafula duraa dubbatu(2Tas.2:1-12,2Xim. 3:1-5),
Beeksiffanaa amantii( 1Qor 15:3-5,1Pex.3:18, 1Yoh.2:22), farfannaa Hafuuraa(Efe.5:19-20,
Qol.3:16)….

6.1.2. Ergawaan akkataa attamiin qorannaa?

a. Macaaficha dubbisuun. Dusinee haala barreefama sanaa sirritti hubachuu qabna. Yaada ergaa
sanaa hubachuu gadifageenyaan kuticha dubbisuu qabna.

Seenaa isaan ilaaluu

20

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Haala barreessichi itti dubbachaa ture ilaaluu.


 Seenaa isaa gadifageenyaan hubachuuf hojii ergamootaa keessaa kutawaan barbaachisoo
ta’an dubbisuu.
 Macaafa hiikaa garaagaraa irra deddebi’anii dubbisuu.
Dubbisa kee keessatti wanta ati irratti xiyyeeffachuu qabdu:
. warra ergaan sun barreeffameef kan ilaallatu isa kami?
. Yaadaa fi Miira barreessaan sun ittin barreesse.
. ergaan sun akka barreefamuuf haala isaa dirqisiise.
. Hirmaata ergichaa.
. kuusaa jechoota macafaa qulqulluu fayyadamuu.
. jecha ofiikeenyaatti fayyadamnee yaada arganne sana waliti qabaan yaadannoo
qabaachuu.

6.1.3. Ergawaan hiikuu fi walfudhachiisuu

Qajeelfamoota bu’uura ta’an qaba.

a. ergaa jireenya keenyaa wajjin walhinfudhannee kan fakkaatan ergaan muraasni ni argamu.
2Xim 4:13

b. ergaan tokko warra ergaa sana barreessee fi warra ergicha fudhataaniif ergaa dabarsuu hinqabu
yoo ta’e nuufis akkasuma ta’a. kanaaf warra jalqaba ergaan sun barreefameef ergaa inni dabarsu
addaan baafachuu qabna.

6.2. Seenaa

macaaf qulquluun taatewan garagaraa akkaataa seenessuutin ergaa isaa dabarsa. Baay’een
macaafa qulquluu bifa seenessuun kan barreeffameedha.

Seeneessuun macaafa qulqulluu taatewan sirri ta’an kan dbarsuudha. Kanaaf kutawan akkasii
yamuu hiiknu beeku kan qabnu:-

6.2.1. Amaloota Seenaan sun qaban

a. seenessuun kan barreefaman hundinuu yaada dabarsuu barbaadan filanii dabarsuu guutu miti.
Seenaa sana keessaatti warii barreessan nuuf inbarbaachisa kan jedhan qofa. Yoh.21:25.

21

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

b. Seenessuun macaafa qulqulluu seenaa guutummaan guututti seena Israel inbsu. Seenaa
Yesuusii fi seenaa waldaa Kiristiyaanaa ishee jalqabaa guutummaatti inbsu. Kanaaf kan
akkekamanis mit.

c. Seenessuun hiikaa barsiisa ogummaa waaqummaati. Barreessitoonni macaafa qulqulluu


wantoota seenaa keessatti ta’an barreessuudhan akkeeka isaanii bal’inaan nuuf ka’aniiru. Yoo
akkeeka isaanii kan hubatne qofa malliif akka barreessanii fi dhiisan hubachuu kan dandeenyu.
Macaafa qulqulluu keessatti taatewan walfakaatan kan barreessan kan akka Macaafa Moototaa fi
macaafa Seenaa Baraa arguu dandeenya garuu akkekni isaanii fi akkataan isaan itti dhiyeessan
garaagara.

c. Seenessuu macaafa qulqulluu keessatti ga’ee gudaa kan qabu Waaqayyoodha. Seenaan hunduu
waaqayyoof ulfina kennu. Nus waqayyoon akka hubannuuf ogummaa nuuf kenna.

d/ Seenessuun Kakuu moofaa yeroo baay’ee ergaa kallatiidhaa nuuf hindabarsan. Seenaan iddoo
kan biraatti kallattiidhaan barumsa barbaachisaa ta’ee dabarsu. Fkn. 2Sam.11. Daawit ejja
raawwateef kallattiidhaan balleesseera jedhee inibsu, hata’u iyyuu malee kutaa kan biraa
keessatti, S.Ba20:14. Ejji cubbuu akka ta’e hubanna.

e. Seenessuu keessatti wantoota rawwataman malee Kiristiyaanonni yeroo hundumaa


haraawwatan kan jedhu ergaa hindabarsu.

f. Seenessuun sammuu keenya qofaa utuu hinta’iin miira keenyas ni tuqu. Seenessuun nuun
garaa seenaa sanatti nubutuuf nu geddaruuf humna qabu.

6.2.2. Macaafota Seenaa fi jireenyaan walfudhachiisuu.

Bifa seenessuun kan bareeffaman hiikuuf kuticha akka ta’utii dubbisuu fi yaada ijoo kuaa sanaa
tokko tokkoon ilaaluu barbaachisa. Kuticha keeyata keeyataan hima walitti isaan hidhuun
keenya.

Barreefama seenaa hiikuuf sadarkaa kanaa kadi jiruu hordofuu qabna.

a. kutichi ofii isaa danda’ee iddoo itti dhaabbatu murteessuu. Seenich eessaa jalqabee isatti
xumura isa jedhu murteessina.

22

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

b. akkamitti akka qindaa’ee. Barreessaan seenichaa akkaataa attamiin akkanni qindeeffate


ilaaluudha.

c. Adeemsa isaa ilaaluu.

d. Seeenaan sun haala inni keessatti barreeffame ilaaluu. Bakka raawwii seenaa sanaa hammata.
Yoom raawwate? Eessatti raawwate?

e. Seenicha keessatti qooda kan fudhatan eenyfaa akka ta’e ilaaluu. Maal godhaan? Maal jechaa
jiruu? Barreessaan sun waa’ee isaa maal jechaa jiraa? Seenicha keessatti qoda fudhatoonni kan
biraan waa’ee isaa maal jedhuu? Maal deebii kennuu?

f. Seenicha keessatti wantoota walitti dudubataman ilaaluu. Qoodafudhatoota seenichaa gidduutti


dubbii maali walitti deddebisaani? Seenessuu sana keessatti qoodafudhatoonni kan dubbatan ykn
wanti isaan hojjetan sirrii ta’uu dhiisuu danda’aa hubadhu. Fknf. Macaafa Iyyob keessatti
gorsitoonni sadan sun Elfaz, Baldados fi Sofar waa’ee waaqayyoo sirrii hindubbanne. (42:7).
Sababii kanaaf jechoota seenaa sana keessatti dubbataman irratti xiyyeeffachuuf waligala kutaa
sanaa ilaaluu qabana. Kutaa muraasa qofa keessaa luqifnee ilaaluun balaa qaba.

g. Wantoota irradeddeebi’aman ilaaluu. Jechoota murteessoo irra deddeebi’aman, himootaa,


yaada ykn ergaa qabatamaa irra deddeebi’aman ilaaluu.

6.2.3. Seenaa hiikuuf qajeelfamoota barbaachisan

a. Yaadaa kan walitti hidhu qopheeffachuu.

Yaadaa seenaa sanaa akka waligalaatti kan walitti hidhu jechoota gabaabaan qopheeffachuu.
Ilaalachaa fi odeeffannoo garaagaraa kan walitti fidee hidhu ta’uuu qaba.

b. Yaadota achi keessatti dudubbataman qopheeffachuu.

Kuticha keessatti ergaan isaa kallatiidhaan waan inibsamneef, namni hiiku sun haala kutaa
macaafichaa bal’inaan ilaaluu qaba. Kunis kuticha keessaa warra qooda fudhatoota utuu hinta’in
eergaan sun namoota inni barreeffameef sana ilaaluudha. Fkn, maccafni Ruti kan barreeffameef
Rutii fi Nuamiif miti. Isaan qoodafudhaatoota kutaa sanaati.

c. Yaada ergaa inni dabarsuu qopheeffachuu.

23

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Seenaanisa barreefame qofa malee wanta yeroo hundumaa ta’uu qabu nuuf dabarsuu dhiisuu
danda’u. Namni hiiku ergaa kutichaa yaada seenaa ijoo kutaa sanaa irratti kan xiyyeeffatu seenaa
sana keessaa kutaa tokko luqisee deebii kennuu nama kennu irra yaada barreessaa sanaa kabaja.

6.3. Walaloo Kakuu Moofaa/Ibirootaa

Walaloon kutaa macaafa qulqulluu keenyaa keessatti bayinaan deddebi’anii kan mul’atanii sirna
barreefamaati. Qabiyy’enn Kakuu Moofaa tilmaamaan harka sadii keessaa tokko, walaloodhaan
kn ibsameedha. Macaafa qulqulluu warra Ibrootaa keessatti walaloo goosa afuurtu jira. Iyyoobii
fi Weeduu Weddootaa( bifa do’iitiin), Macaafa farfannaa(Walaloo), macaafa Lallabaa( barumsa
kan ofkeessaa qabuufi namusa kan qabu), Macaafota Raajii keessaatti baay’inaan ni
argama(Isayaas, Ermiyaas)…..

6.3.1. Amala addaa walaloon macaafa Ibrootaa qaban.

a/ Jecha yaada baayee ofkeessaa qabu.

Walaloon sun xiqoo ta’ee yaada ijoo irratti kan xiyyeeffatuudha. Jechoota muraasaan yaada
baay’ee ofkeessatti qabatanii jiruu. Fknf, yaadaa seera umamaa keessatti bareeffaman,
Faarfannaa Daawit 33:6 walitti qabee ka’aa.

b. Fakki dhan ibsu. Walaloon miira keenya akka fayadamnuuf nukakaasu. Fkn.Far.18:4-18

c. Yaada walbira qabu. yaada walbira qabanii dhiyeessuun amala walaloo warra Ibirootaati.

d. Filmaata. Akka seera waligalaatti barreeffama tooraa caalaatti walalootu yaada barbaachiso
qofa dhiyeessa.

e. Kutaa ilaalcha yeroo. Caalaatti waa’ee yeroo darbee kan dubatu barreeffama caalaa walaloon
yeroodhaan hindaangeffamu.( isa darbe, isa ammaa fi gara fuula duratti isa ta’u) ibsa.

6.3.2. Qindoomina walaloo kakuu moofaa fi hirmama isaa.


A/ Faarfannaa Galataa: Dina irraa nama eeguu isaa, kadhata dhaga’uu isaa, waligalatti waaqayyo
biyya lafa guutummaa isaatti mul’achuu isaaf( Faar.18:21:30:32:34:40:41:66:106:138)
B/ Faarfannaa Faaruu: Namni tokko wal’ansoo isaa, rakina isaa ykn quuqqaa isaa gooftaatti akka
mul’ifatu isa dandeessisa. Kakuu isaa yaaduudhaan qoramsa keessa jiran keessaa akka isaan

24

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

baasuu fi kanumaan immoo sabni kaku isaa gara Waaqayyotti iyyuu akka baruu isaan barsiisa.
(Faar 6: 3:13:44:54:57:74:137:142:143)
C/ Faarfannaa galataa Moototaa:- Faarfannoonni kun kan bareeffaman, haala yeroo jireenya
moototaa wajjin kan walqabate faarfanna galataati. Fakn. Moodama moototaa; cidhaa fi mo’icha
argame ilaallata (Faar.18:20:21:45:72:89:101:110 fi 144)
D/ Faarfannoota Teessoo, farfannoota kana adda kan isaan godhu, qabiyyee isaa keessa isa jiru
Waaqayyo in mo’e isa jedhuudha. Faarfannoota kana keessatti moosifamuu moototaa irra darbee
iyyuu waaggaa waggaatti seenaa moosifamuu isaanii kabajuu ilaallata.Ittidabalas immoo
Teessoo YAHWEH Isirael irra jiraachuu isaa barsiisu(Far.47:93:96-99)
E/ Faarfannaa adeemsa gara Tsion. Waa’ee Yerusaalemiif faarffannaa ittin waaqayyoon
galateeffataniidha (Far.46:48:76:84:87: 122). Ayyaana waggaa kabajuuf Yeroo adeemsa gara
Tsionitti godhamu farfatama(Faar 120-134).
F/ Faarfannoota abaarsaa. Warraa waaqayyoon yakkaan irrattii firdii qajeelaan akka
kennamuuf,dheekamsi waaqayyo akka ta’uuf faarfatama(Faar.12:35:52:57-59:69:70:83:137:140)
G/ Faarfannoota Ogummaa. Macaafa fakeenyaa, Macaafa Iyoob, Weeduu weedotaa fi macaafa
lallabaa nu yaadachiisa.
6.3.3. Qajeelfama macaafoota Kakuu Moofaa ittin hiikan.
A/ Goosa isaanii adda baafachuu. Walaloon kun faarfannaadhaa moo Ogummaa dha. Farrfannaa
yoo ta’e farfannaa attamiti? Farfannaa galataati? Faaruudhaa? Goosa isaa beekuun ijaarama
walaloo sanaa akka nuti hubatnuuf nugargaara.
B/ Haala yeroo walaloo sanaa adda baafachuu. Kun walaloo sana hubachuuf baayee nu gargaara.
Haalli walaloo sanaa nuuf ifaa kan adeemuu yamuu nu’I walaloo sana hubachaa adeemnuudha.
Bareessaan sun boojuu keessaa ta’ee barreessee immoo rakkina kessa ta’eeti?
C/ Akkaataa teessummaa fi hariisoo walaloon sun qabu murteessuu.
D/ Yaada walaloo sana adda addaan qoodachuu. Akkaataa sirna bareeffamaa fi ibsa
garaagaraatin barreeffamuu isaa tokkotokkoon hiika itti kennanii ibsuu
6.3.4. Hiikuu
A/ Mataduree Yaadaa walaloo sanaa murteessuu. Kun ergaa walaloo sanaa adda akka baafanuuf
nugargaara. Walaloon sun waligalatti waa’ee maaliti? Ergaan isaa qabataamaan barreessichi
ibsaa attamii akka itti kenne ibsa. Fknf. Matadureen Far.23 waa’ee eegumsa waaqayyooti.
Yaadni ijoo isaa immoo, eegumsa isaa amanachuun boqonnaa fi gammachuun jiraachuudha.

25

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

B/ yaada ibsa walaloo sanaa isa barreessee fi warra barreefameef waliin walbira qabi barreessi.
C/ yaada ijii walaoo sanaa amanttoota hundumaa waliin walfudhachiisi.
6.4. Barrefama Raajotaa
6.4.1. Amaloota Raajii
A/ raajotni ergaa isaanii yeroo qopheeffatan bifa garaagaraatti fayyadamaniiti. Sirna barreefama
walalootti fayyadamaniiru(Isaayas), Seenessuutti(Hagee), seenessuu fi walaloo walfaana
fayyadamaniiru(Ermiyaasi fi Iskeel).
B. Ergaan Raajoota wanta fagoo jiru irraa wantoota dhiyoo jiran irratti kan xiyyeffatanii dha.
Rajoonni wanta garafuuladuraati ta’uuf jiru yoo dubbatan iyyuu xiyyefannaan isaa haala yeroo
keessa jiran irratti kan xiyyeffatu ture.
C. Raajonni kakuu waaqayyoo fi nama gidduuti ta’u raawachiisuuf gidduu kan dhabaataniidha.
D. Ergaan Raajotaa taatee boojuu wajjin kan walqabateedha.
E. Ergaan Raajotaa seenaa sabichi keessa ture kan calaqisuudha.
F. Ergaan raajichaa haalduree tokko malee yookan haaldureedhaan kan rawwatu ta’uu ni
danda’a. kakuun haaldureen ta’uu aboomamuu ykn abbomamuu diduu nama sana irratti hunda’a.
6.4.2. Hirmama barrefama raajotaa
A. ergawaan raajii kakuu moofaa raawwiin isaanii kakuu moofaa keessatti kan ta’e. Hos.5:8-10.
Hizq25:39, 1Mot.17:13-16), kakuu haaraa keessatti kan raawataman ergawan raajii kakuu
moofaa. Far.22. Isa 6. 53
Ergawan raajii kakuu haaraa kan kakuu haaraa keessatti rawwataman.( Mat.24:27, 1Tas 4:15-17)
6.4.3. Qajeelfama ittin Barreeffama raajotaa hiikan.
A. Raajiwan akka keyyata jirutti utuu hinta’in dubbii raajii sanaa qorradhu. Ergawan raajotaa
baay’een isaanii boqonnaan utuu gargar inhiramin bifa tokkokan qabaniidha. Kutich ofdanda’ee
dhabachuu isaa arguuf, sirna barreeffama isaa adda baafachuun barumsa isaa hubachuu qabna.
B. Seenaa dhufa ergaa rajii snaa qorachuu. Ergaan raajii akkataa sirna barreeffama sanaa caalaa
ragaa isa bakkee barbaadu. Seenaa nama raajii sana dubbatee beekuun ergaa isaa hubachuuf
nama gargaara.
C. Afaan inni kallaatiidhaan ittin dubbaate isa inni fakeenyaan dubbate sana irraa addaan
baafachuu. Faakeenyaan isa inni dubbatee akkaataa haala inni keessatti barreeffame sanaan
hiikuu hinyaalin.(Mul.1:16. 20). Fakkichi kutaa macaafa qulqulluu iddoo biraa keessatti hikamee
ibsamuu isaa fi dhiisuu isaa adda baafadhu. (Mul.2:28. 22:16). Mallatoon sun kutaa biraa

26

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

keessatti maaliif akka fayyadame ilaali. ( Dan 7:24. Mul17:12). Kitaabota macaafa qulqulluu
hiikanii ibsaan keessatti akkataa akkamin ibsamanii akka jiran ilaali.
D. Raajichi isa yeroo darbee ykn isa yeroo ammaa ykn isa fuula duratti dhufuuf jiru akka ta’e
adda baafadhu.
E. Raajichi haalduree qaba moo hinqabu isa jedhu hubadhu.
F. Ergawan raajii hiika tokko oli qabaachuu indanda’u. kunis seera rawwannaa lama jedhamee
beekama. Isa.7:14
6.4.4. Hiikuu
Himoota sadi hojjedhu( himoota sana kan walitti hidhu, yaad himoota sanaa fi dubbii ijoo hima
sanaa).
6.4.5. Ergawan raajii jireenya walin walfudhachiisu
Kan dheekamsa, kan birmaduu baasu, abdii fi eebba kan agarsiisan adda baafachuu, e\rgawaan
raajii kun namoota har’a jiraaniif walfudhachiisuudhaaf baayee barbaachisoodha. Namoota
kakuu moofaa keessa turaniif hiika kan ta’e namoota kakuu haaraa keessa jiraniifis karaa biraa
hiikaa ta’aaf. Ergaa sana namootaa har’a jiraaniif utuu hinhiikin dura saba Israeliif hiika attamii
akka qabu dursii hubadhu.
Gaaffiiwwan keessa deebii akkaataa qorannaa fi hiikaa macaafa qulqulluu

I. Dhgaa Ykn Soba jedhi deebisi


1. ___________Hafuurri qulqulluun hiikaa macaafa qulqulluu keessaa qooda hinqabu.

2. ___________Kutawaan macaafa qulqulluu akkataa warra jalaqaba barreeffameefiitin haala


dubbifatoota har’aaf hiika kennuu danda’a.

3. __________Macaafni qulqulluun jalqabaa hanga dhuma isaatti hiikaa tokko kan qabu
yammuu ta’uu, Raajotaan kan dubbatame, du’ee du’aa ka’uu Yesuusin kan dhugoonfame,
Ergamootaan kan labsame hojii faayinaa dhala namaaf hojetameedha.

4. ___________Tokkoon tokkoon kutaa macaafa qulqulluu haalaa keessatti hiikama.

5. ___________Macaafa qulquluun yaada Waaqayyoo fi yaada namootaa qaba.

27

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

II. Walitti Firoomsi

A B

1. Furtuu sirna hiikaa A. Muli’suu Waaqayyoo

2. Eeggannoo Macaafa qulqulluu fi hojii hiikaa B. Haala keessaatti

3. Afaanii fi aadaa namootaatti fayyadamanii C. Ibsuu Hafuura qulqulluu

macaafa qulqulluu barreessuu

4. walansoo, rakina ykn mufannaa Gooftaati mul’suu D. Hafuura baafata waaqummaa

5. Macafa qulqulluu hubachuuf gargaarsa Hafuura

Qulqulluu E. Faarfannaa Galataa

F. Sirna Hiikaa.

G. Faarfannaa Faaruu

III. Deebiin isaa sirrii kan ta’e keessaa filadhu.

1. Sirni hiikaa maaliif barbaachise?

A/ amala dubbisaa irraa ka’a

b/ amala macaafa qulqulluu irraa madda.

c/ Hubannaa dogoggoraa fi ittifayadama macaafa qulqulluu eeguudhaaf.

d/ Hunduu deebiidha.

2. Jech, Hima, keeyaata fi Boqonnaa giddugaleessa kan godhate walittifufiinsa ergaa sana kan
eegu fi wanta kutichi hinjedhin akka akka nuti hinjenneef kan nu eeguisa kami?

a/ Keeyata

b/ haala kutichaa

28

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

c/ Adeemsa

d/ Yoom, eessatti akka barreeffame

3. Yaada ergaa kutaa sanaa haala yeroo sana turee wajjin dhugaa isaa utuu hinjallisin ergaa sana
hubachuun maal jedhama?

a/ adeemsa ilaalchaa( observation)

b/ walfudhachiisuu(application)

c/ Adeemsa hiikaa(Interpritation)

d/ Hunduu deebiidha

4. Adeemsa Ilaalcha keessaatti gaafii nuti gaafachuu qabnu isa kam?

a/ Eenyuun barreeffame?

b/ Maaliif bareeffame?

c/ Maaltu barreeffame?

d/ Hunduu deebiidha?

5. Goosaa haala kutaa sanaa keessaa kan hinta’in isa kami?

a/ Haala sirna barreeffamaa?

b/ Haala seenaa duukaa bu’uu

c/ Haala keeyataa isaa

d/ akkaataa dubbanaa kutichaa

6. Adeemsa qorraannoo Macaafa qulqulluu keessaatti ga’ee Hafuura qulqulluu maali?

a/ Garraakeenya qopheeffachuun ayyaana isaan akka hubannu godha.

b/ Dubbii isaa yommuu qoranuu nuuf ibsa

29

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

c/ Isa Macaafa qulqulluu keessatti barreefame jirun alitti kan birraa nuuf hinibsu

d/ Hunduu deebiidha.

7. Ijoo barsiisa kutichaa warraa jalqaba barreefameefi walin akkaataa walqabateen hubachuun
maal jedhamaa?

a/ Gadifageenyaan isa ilaalamu

b/ Q ajeelfama isa yeeroon hindaangeffamnee

c/ Himoota kan walitii hidhu

d/ deebiin hinkennamne

8. Bara keessa jiru keessatti akkataa walfudhatuun karaa nuti ergicha hojii irra oolchinu maal
jedhama?

a/ Adeemsa Ilaaluu

b/ Adeemsa walfudhachiisuu

c/ Adeemsa Hiikuu

d/ Hunduu deebiidha

IV. Gaaffii armaan gadiif deebii sirrii kennaa?

1. Mallii macaafa qulqulluu ittin qorataniif hiikaan sadarkaa sadi qaba, maaljedhamuu ibsa isaa
wajjin barreessi

2. Kutaa macaafa qulqulluu tokkoo filadhaatii akkaataa sirna hiikaa baratan fayyadamuun hiika
isaa hojjedhaa?

30

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Barumsa Lammaffaa: Ilaalcha Kakuu Koofaa fi Kakuu Haaraa

Boqonnaa 1: Kakuu Moofaa

Kakuu Moofaan Macaaafota 39 kan ofkeessatti qabate yammuu ta’u, isanis iddoo 4 hiramu.
Macaafota seeraa( Pentatukii), Macaafota seenaa(macaafota 12), Macaafota walaloo fi
ogummaa( macaafota 5), Macaafota Raajii ( macaafota 17).

Boqonnaa 2: Macaafota Seeraa ( Pentatukii)

Macaafota seeraa kan jedhaman macaafa qulqulluu gara jalqabaa irratti kan argaman yammuu
ta’u, Seera Umamaa, Seera Ba’uu, Seera Lewotaa, Seera Lakkoobsaa fi Seeraa Keessadeebiiti.
Macaafonni kun kan ittin waamaman maqaa bebbeekamoon: Tooraa, Pentatukii, macaafota
Seeraa fi Maacaafota Musee jedhamu.

Tooraa jechuun Afaan Ibrayisxii Yammuu ta’u, akka amaleffaanaan beekametti Seera isa jedhu
yoo ta’e illee, hiikaan isaa inni gaarriin: Barumsa, Qajeelfama jechuudha.

Pentaatukii jechuun Afaan Girikii Yammuu ta’uu hiikaan isaa Macaafota maramoo shan
jechuudha.

2:1. Seera Umamaa

a / Eenyutu Barreessee? Musee

b/ Yoom Barreeffame? 1445-1405 Dhalota Kiristoos dura(DKD)

c/ Ergaa ijoo Seeraa Umamaa

Jalqbatti seerri Umamaa biyyaa lafaa kana keessaatti wantoota jiraatoo ta’anii fi mul’atan kan
uume Waaqayyoon( Yahiwee) akka ta’ee nu dhugomsa. Umama kana namootaaf qopheessuun
nama akka bifa isaa fi fakeenya isaattii Uumee ganata keessa akka jiraatu godhe. Kufaatii namaa
duukaa isa dhufee jeqamsa uumamaa yammuu ilaalu, Waaqayyoo namaaf iddoo olaanaa fi ulfina
attamii akka kennee agarsiisa. Kan biraa immoo seera umamaa kana keessatti yaadni agarru
waaqayyoo saba Isirael fo’achuu isaa yammuu ta’uu, kunis karaa Waaqayyo waaqummaa isaa
darbee biyya lafatti mul’suuf barbaade mul’isa. Akkeeni macaafa seera Uumamaa Sabni Isirael
hubannaa fi ilaalcha inni waa’ee waaqummaa waaqayyoof qabu keessa isaaniitti ibsuun saba

31

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

hundumaatti mul’isuudhaaf. Wantoonni waaqayyo uumee hundinuu gaarii yoota’e illee, cubbuun
namoota Waaqayyo irraa fageesseera, sababii kanaaf ilaalchi isaan waa’ee waaqayyoof qaban
jal’ateera. Sababa kana irraan kan ka’ee Waaqayyo karaa fayyinaa qopheessuuf murtoo
murteesse. Kakuun kunis Karaa Abrihaamii fi sanyii isaa ture. walittidhufeenyi kakuu kun sabni
isaa waaqayyoof ilaalcha inni qabuu qajeelcha.

2:2 Seera Ba’uu

a/ Eenyutu barreessee?Musee

b/ Yoom barreeffamee? 1445-1405 DKD

c/ Ergaa ijoo Seera Ba’uu

Seerri ba’uu ittifufiinsaa seera Uumamaa yammuu ta’uu akeekni isaa Sabni Isirael waa’ee
Waaqayyootiif hubannaa isheen qabdu qajeelchee luboota mootummaa, saba qulqulla’aa godhee
waaqayyoon warra kaanitti mul’isuudhaan ergama isheedhaaf keennameef qopheessuudha.
Macaafni kun eramni waaqayyoo isira’eliif kenne maal akka ta’e mul’isa. Musee erguudhan
hacuuccaa warra Gibxi jaalaa baase(1-15), ofitti isaan qabuudhaan gaaraa Siinaa irratti kakuu
isaa jabeesseef(16-24), Fakeenya dunkaana isa keessatti walga’anin isaan gidduu jiraate(25-40).

2:3. Seera Lewootaa

a/ Eenyutu barreesse? Muse

b/ Yoom barreeffame? 1445-1405 D.K.

c/ Ijoo ergaa Seera Lewootaa.

Waaqayyo gidduu isaanii akka jiraatuu fi akka isaan eebbisuuf Isiraelotaaf keessumaa saba sana
barsiisuudhaaf ittigafaatama warra qaban Luboota qulqullummaan akka jiraataniif qajeelfama
kedhuudhaaf. (11:44-45; 19:2, 20:7, 21:8.) Macaafni kun waa’ee qulqullummaan jiraachuu fi
qulqullummaan waaqayyoof hojjechuu fi waaqessuuf saba kakuutiif kan kennameedha. Sabni
waaqayyoon filatame gara waaqayyooti dhiyaachuu fi akkasumas warra kaanitti mul’isuudhaaf
qulqullummaan eegamuutu isaan irraa eegama.

32

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.4. Seera Lakkobsaa.

a/ Eenyutu barreesse? Musee

b/ Yoom barreeffame? 1445-1405 D.K.D

c/ Akeekni Macaafa seera Lakkobsaa amanamummaa Waaqayyoo fi amanummaa diduu


Isiraelotaa walbira qabee mul’isa. Waaqayyo kakuu isaa eeguudhaan saba kana baayiseera, isaan
geggeessaa jiras. Sabni Isiraelis waa’ee wantoota garaagaraa fi jireenya isaanii waaqayyo irratti
guungumu turan, geggeesaa waaqayyo mormuudhaan fincilaa turan, biyya abdachifame san
asana galuuf fedha hinqabaanne. Kan biraan, kitabaa kana keessatti obsa waaqayyoo,
qulqullummaa isaa, qajeelummaa isaa, araara isaa fi jiraachuu isaa ibsameera. Ini qoramsaa fi
rakkina garaagaraa ulfina ofii isaaf ittifayyadama.

2.5. Seera Keessadeebii

a/ Eenyuutu barreesse? Musee

b/ Yoom barreeffame? 1445-1405 D.K.D

c/ Ijoo ergaa Seera keessadeebii

Akeekni seera keessa deebii inni guddaan dhalootni haraan biyya abdachiifame dhaaluuf yeroo
qophii kakuu isaa haaressuuf waaqayyoof gammachuudhaan guutummaan guututti akka akka ofii
isaa kennuuf, abbomamuun eebbaa, abboomamuu diduun adaba akka fiduu beeksisuu fi
yaadachiiduu dha. Dubbii ijoo macaafa kanaa hubadha, hiniraanfatinaa kan jedhu ture. sabni sun
yoo xiqate wantoota lama yaadachuutu irraa eegama. 1. Yoo guddatan kan isaan guddise
waaqayyoo akka ta’e 2. Yoo abbomamuu didan akkuma dhaloota kanaan dura turan adabe
isaaninis akka adabu yaadachuu qabu.

Boqonnaa 3:- Macaafota Seenaa

Macaafota Seeraa kan jedhaman Macaaf Iyyaasuuti jalaqabee hanga Macaafa Asteritti kan jiran
ta’u. macaafonni seeraa kun seenaa macaafota seeraan jalaaqabaman kan ittifufan ta’u.

33

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3.1. Macaafa Iyyaasuu

A/ Eeenyutu barreessee? Hinbeekamu B/ Yoom barreeffame? 1405-1385 DKD.

C/ Ijoon ergaa macaafa Iyyassuu

Macaafni kun Waaqayyoo kakuu isaa rawwachuuf amanamaa akka ta’e agarsiisa. (21:43-45)

Waaqayyoo Isiraelitti kan dubbate inraawwatame malee tokko illee hinafne. Hamam yoo
fakkaachuudhaa baate illee waaqayyoo kakuu isa galee kan eeguu fi kan raawwatuudha.
Waaqayyoo lfa abdachiima sana Israelii kennuudhaan kakuu isaaf amanamaa ta’uu isaa fi warra
jireenya namusa hinqabne Kan’anota immoo adabuun qulqullummaa isaa akka agarsiise dubbata.

3. 2 Abbota Firdii

A. Enytu barreessee? Hinbeekamu. B. Yoom barreeffame? 1043 DKD.

C. Ijoo ergaa Macaafa Abboota Firdii

Akeekni macaafa kanaa sabni Isirael kakuu waaqayyoo cabsuu isaanin kufaatii isaan irra ga’ee
agarsiisa. Cubbuu ( sabichi kakuu waaqayyoo diiguu isaan waaqayyoon gadisiisa). Waaqayyo
diinota isaanitti dabarsee isaan kenna, diinonni isaanis yeroo muraasaaf isaan dhiphisu, sabichi
gara waaqayyotti iyyaa, waaqayyoos iyya isaanii dhaga’ee abota firdii isaaniif kaasa, abban firdii
sunis yeroo muraasaaf bilisa isaan baasee isaan boqochiisa, sabichi ammas waaqayyoon
yakka,..wanti akkasii kun hanga yeroo torbaatti irradeeddebi’ama. Kunis obsa waaqayyoo, araara
isaa, akkasumas immoo matajabina saba sanaa agarsiisa.

3.3. Macaafa Ruut

A/ Eenutu barreesse? Hinbeekamu B/ Yoom barreeffame? 1030-1010 DKD

C/ Ijoo ergaa Macaafa Ruute

Macaafni kun waaqayyoo daandii Masihiin irradhufuuf eeguumsaa gargaarsa inni godhe
agarsiisa. (Mat.1:5-6). Macaafa kana keessatti ofkenuu Ruute fi amanamummaa ishee,
waaqayyoo immoo waarraa isaaf ofkennaniif amanamaa ta’uu isaa agarsiisa. Macaafni kun
Waaqayyoo waaqa saba hundumaa ta’uu isaa agarsiisa. Gara isaatti warra dhiyaatan hundumaa

34

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

isaan simata, eegumsa isaaniif godha. Kakuunn fayyisuu waaqayyoo iddoo dhaan, sanyii
namaatiin, ykn saalaan hindaangeffamu.

3.4. Macaafa Saamu’el ( Isa tokkoffaa fi isa lammaffaa)

A. Eenyutu barreesse? Hinbeekamu B. Yoomm barreeffame? 931-722 DKD

C. Ergaa ijoo Macafa Samu’el isa duraa fi isa lammaffaa

Akkeeni macaafa Samu’el waaqayyo Gooftaa fi mootii inni ta’e 1/ Israelin geggeessuuf jecha
magaalaa Yerusaalemin iddo giddugaleessa godhee filachuu isaa 2/ nama betaliheem Yihuudaa
isa ta’ee Dawitii fi sanyiin isaa waaqayyoon bakka bu’anii barabaraan Isira’eliin akka
geggeessaniif filachuu isaa mul’isa.

3.5. Macaafa Moototaa ( Isa duraa fi isa Lammafaa)

A. Eenytu Barreessee ? Hinbeekamu B. Yoom Barreeffame? 561- 538 DKD

C. Ijoon ErgaaMacaafota kaan maali( 1ffaa fi 2ffaa)

Macaafni kun gabaaba dhumaattii waa’ee Moosifamuu Solomon, mootummaan Isirael iddoo
lamattii hiraamuu isahee, garri kaabaa Isirael Jedhamee, garri Kibbaa immoo Yihudaa jedhame,
mootumaan kun lamaan suuta suuta dafhabaa adeemuu isaanii fi Isira’el warra Asorin,
Yihuudaan immoo warra baabilonniin boji’amuu isaanii mul’isa. Kana hundumaa keessatti
waaqayyoo kakuu Dawitiif gale daandii masihii sana attamitti akka eege mul’isa.

3.5. Macaafa Seenaa Baraa( Isa 1ffaa fi isa 2ffaa)

A/ Eenyutu barreessee? Iziraa B/ Yoom Barreeffame? 450-430 DKD

C/ Ijoo Ergaa Macafaa Seenaa baraa 1ffa fi 2ffaa

Macaafni seenaa baraa kana barreeffame namootaa boojuudhaa deebi’anii galan garuu, gaafii
garaagaraa keessa warra jiran jajjabeessuuf kan barreeffameedha. Sabni waaqayyoo wagoota 70
boojuu jala turaniiru. Mootichi Qiroos jedhamuu gara biyya isaaniitti deebi’anii waaqayyoof
mana akka ijaaraniif ayyama yammuu kenneef, utuu hinbooji’amin duraa raajii isaanitti
dubbatamaa ture yaadachuun gammachuudhaan deddeebi’aa turan. Hata’u iyyuu malee erga

35

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

deebi’anii booda wanti isaan qunname wanta baay’ee abdii isaan kutachiisu ture. Geggeesaa
jabaa hinqaban, hiyyeyyii turan, karaa biraadhaanis mootummaa warra Faaris jala turan, manni
qulqullummaa Zarubaabeliin ijaarame isa Solomonii wajjin ijaaramee wajjin waliin yoo
madaalamee baay’ee xiqqoodha. Haalota kana irraan kan ka’e sabni sun jaalala waaqayyoo
ilaluu dadhabanii gaaffii garaagaraa gaafatu turan. Waaqayyoo dhugumaan nujaallataa?
Dhuguma nu’I saba waaqayyootii? seenaan jireenya keenyaa inni boojuun dura tureef inni
boojuu boodaa eessatti walargaa? Walittidhufeenya waaqayyo nuwajjin qabu ittifufee jira moo
gargaar cite jiraa? Kan jedhu gaaffii garaagaraa gaafatu turan. Macaafni kun saba kana kan
jajjabeessuu fi kan kakaasuu dha,

3.7. Macaafa Iziraa fi Nehimiyaa

A/ Eenytu barreessee? Iziraa fi Nehimiyaa B/ Yoom barreeffame 457-444 DKD

C/ Ijoo ergaa Macaafota kanaa

Macaani kun akeeka seenaa fi Akeeka waaqayyoo ofkeessaa qaba. Akeekni seenaa, Warrii
Ibirootaa boojuu biyya Baabiloonii deebi’uu isaanii, erga deebi’anii booda mana mana
qulqullummaa ijaaruu isaanii, Iziraan Macaafa seeraa dubbisuudhaaan haraa’umsa amantii fiduuf
sochii inni godhee fi Nehimiyaan masaaraa Yerusaalem deebisee ijaaruun haara’umsa dinagdee
fi hawwaasumummaa fiduuf hojjechuu isaa agarsiisa. Akkeeni hafuuraa isaa kakuu isaa
haaressuu wajjin kan walqabateedha.

Sabni boojuudhaa deebi’ee waaqa isaa wajjin kaakuu isaa deebisee hareffachuu isaa kan
mul’isuudha.

3.8. Macaafa Aster

A/ Eenytu barreesse? Beekamaa miti. B/ Yoom barreeffame? 450-331 DKD.

C/ Ijoo ergaa macaafa Asterter

Macaafni Aster Waaqayyoo saba isaaf gaarummaa inni godhe agarsiisa. Waaqayyoo saba balaan
du’aa itti akeekame olchuudhaan daandi Dawwit, daaniddii Masihii badiisa oolche. Waaqyyo
kaakuu saba isaaf galeef inlolaa, indhaabatas. Macaafa kana keessaatti yeroo tokkoof illee
maqaan waaqayyoo hinwaammne. Gochaan waaqayyoo watoota tokko tokko irratti yoo

36

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

mul’achuudhaa baate iyyuu, dhimma tokko tokko keessaa waaqayyo kan hinjirre yoofakkate
iyyuu, inni haala kam keessatti iyyuu bakka sanatti hojii irra jira.

Boqonnaa 4:-Macaafota Walaloo fi Ogummaa

Macaafa Iyyoobii jalqabee hanga macaafa weeduu weedotaati macaafonni jiran macaafota
walaloo fi ogummaa jedhamu. Macaafota shanan kana keessaa facaafonni sadi( Macaafa Iyyob,
macaafa fakeeny fi macaafa lallaabaa) macaafota ogummaa jedhamanii beekamu.

4:1. Macaafa Iyyob.

A/Enyutu barreessee? Beekamaa miti B/ Yoom barreeffame? Bara abboota Yihudaa.

C/ Ijoo ergaa Macaafa Iyyobe

Akeekni macaafa kanaa namni qajeelaan qoramsa keessa yoo darbe iyyuu, maaliif qoramsaa fi
gidiraa akkaasii keessaa akka darbu wanti beekamaan yoo dhibe iyyuu, waaqyyoo waaqeffamuu,
sodaatamuu fi amanachuun akka barbaachisu agarsiisa. Qoramsa dukkana’aa akkasii keessatti”
Waaqayyoon sodaachuun ogummaadhaa, hamaa irraa fagaachunis hubaannaadha” (Iyyo 28:28,)
qoramsi iyyob kallatti hundumaan( qabeenyaan, miiraan, qaamaa fi hafuuraan). Macaafni kun
qoramsi maaliif akka nuti dhufu utuu hinta’in qorramsa kanaa oli ta’ee kan to’atu waaqayyo
ta’uu isaa barsiisa. Karaa biraan immoo ilaalcha qoramsi kan warra cubbamootaa qofa isa jedhu
sirreessa. Waaqayyoo yoo eegamuudhaabaate, ilaachi namootaa yaada waaqayyoo irraa
fagaachuu akka danda’u agarsiisa.

Xiyyeeffaanaan macaafa kanaa waa’ee qoramsa Iyyoob utuu hinta’in barumsa inni qoramsa sana
irraa barateedha. Innis waaqayyo hundumaa akka danda’uudha.

4.2. Faarfannaa Dawiti

A/Eeenyutu barreessee? Daawit, Asaaf, Ijoollee qorayi, Solomon, Muse, Itaan, kaan immoo
namoota dhuunfaa garaagaraatiin barreeffaman. B/ Yoom barreeffame? 1410-450 DKD

C/ Ijoo Ergaa macaafa Faarfannaa

Macaafni kun mataduree dhimma adda addaa irratti bal’inaan dubbatu waan ta’eef, jecha ykn
yaada gabaabaan walitti qabanii kaa’uun rakkisaadha. Akeeka tokkoon tokkoo faarfannaa fi

37

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

macaafa sanaa addaan baasanii ilaaluun barbaachisaa dha. Faarfannoota garaagaraatu jiru,
haalota garaagaraa kan ilaallataniidha, hata’u iyyuu malee mataa dureen yaada isaanii
waaqeffannaa kan ilaallatuudha; waa’ee eenyummaa waaqayyoo, waan inni hojjetee fi gara fuula
duraattis hojjechuuf kan jiruuf waaqeffannaa ykn jajannaatu ta’af. Gaarummaan isaa barabaraan
akka jiraatu dubbatu. Xiyyeffannaan isaa waaqayyoo mootii saba hundumaa, Yerusaalem bakka
waaqayyoo itti mo’icha isaa mul’isuuf filate ta’uu ishee fi biyya lafaa kana irraatti bakka bu’aan
waaqayyoo mootii ta’uu isaa agarsiisuuf.

4.3. Macaafa Fakeenyaa

A/ Eenyutu barresse? Mooticha Solomon, Agur, Saamu’el. B/ Yoom Barreeffame? 971-


686DKD

C/ Ijoo ergaa macaafa fakeenyaa

Akeekni macaafa fakeenya dargaggoonni gara fuulduraatti geggeessitootaa Yihudaa ta’uuf


jiran,waaqayyoon sodaachuudhaan akka jiraatan, hmaa fi gaarii addaan baafachuu akka
danda’an, dandeetti akka qabaatan, jireenya dhuunfaa isaanii fi jireenyi sabni kakuu isaa ija
qabeessaa fi bu’a qabeessaa akka ta’uuf ogummaa fi namusaan isaan leenjisuuf. Kanas sabni
kakuu waaqayyoo waaqayyoon sodaachuudhaan galfata isaanitti kenname, saboota kan biraaf
ergaa ifa ta’uu akka ba’aniif gochuu dha.

4.4. Macaafa Lallabaa

A/ Eenyutu barreessee? Solomon moticha B/ Yoom barreeffame? 940-931 DKD

C/ Ijoo macaafa lallabaa

Macaafni kun warrii Isirael aduu gaditti hiika jireenyaa argachuuf yaaliin godhamu kam iyyuu
kan akkasumaanii akka ta’e hubachiisuun, waaqayyo karaa muse seera inni kennee seera
ogummaa argachuuf bu’uura godhatanii akka ilaalani fi gara dhumaatti waaqayyoo hundumaa
barcuma firdii dura dhaabachiisuuf akka jiru (12:14) hubatanii ofii isaanii qopheessuun akka
jiraatan gochuuf. Barreessaan kun tayitaan, beekamtiin, ulfinni fi tasgabbiin waaqayyoon alatti
kan akkasumaanii fi duwwaa akka ta’e agarsiisa.

38

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

4.5. Macaafa Weeduu Weedotaa

A/ Eenyutu barreessee? Mooticha Solomoon B/ Yoom barreeffame? 971-686 DKD

C/ Ijoo ergaa macaafa kanaa

Macaafni kun walaloo jaalalaati. Akeekni macaafa kanaa dhiiraa tokkoo fi dubartii tokko( Abbaa
Manaa fi Haadhamaa) gidduuttii haala gaa’elaa keessatti jaalala isaan qaabaachuu qaban
agarsiisa. Macaafni kun jaalalli dhala namaaf gammachuu attamii akka kennu agarsiisa. Humna
jaalalli qabu mul’isa. Kanas kaninni agarsiisu ajaajaa fi qajeelfama kennuun utuu hinta’in
jaalaallii maal akka godhu agarsiisuudhaan. Amala jaalallidhuugaan qabau kitaaba kana keessatti
ibsamee jira.

Boqonnaa 5:- Macaafota Raajii

Macaafota raajii kan nuti jennuu macaafota 16n raajotaan barreefamanii dha. Macaafonni kun
Raajota gurguddoo fi Raajota xixiqoo jedhamanii iddoo lamatti hiramu. Kanumatti dabaluun
yeroo boojuun dura raajonni hintajaajilin(722-586 DKD), Yeroo boojuu keessa raajonni
tajaajilan(516) fi yeroo boojuu booda raajonni tajaajilan (hanga 420)DKD jedhamanii hiramu.

5.1 Yeroo boojuun dura raajota Tajaajilaa turan( Samariyaatti, Mootummaa gara Kaabaa
keessatti).

5.1.1. Raajii Hose’aa

A/ Eenytu barreesee? Raajicha Hose’aa. B/ Yoom barreeffame? 750-710 DKD.

C/ Ijoo ergaa Hose’aa

Isiraa’el seera waaqayyoo irraa dardabbuu ishee irraan kan ka’ee waaqayyoon waan gadisiifteef
dheekamsi isheetti dhufaa akka jiru dubbate. Isiraa’el akka haadha manaa amanamuu dhabdeetti
ejja hafuuraa keessa akka jirtutti ishee ibsa. Raaajich sabni sun qalbii diddirannaan gara
waaqayyootti aakka deebituuf dheekmasa fuula duraan isaanitti dhufaa jiru isaan beeksise. Itti
dabalees immoo dheekamsa dhufuuf jiru booda immoo abdii/ haara’umsa dhufuuf jirus
ittidubbachuun isaan jajjabeessa. Dheekamsii isaanitti dhufaa jiru sun carraa isaanii isa dhumaa

39

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

miti, waaqayyoo deebisee hmbaa warra yihudotaa wajjin hambaa warra Isira’el gara biyya
isaanitti deebisa.

5.1.2. Raajii Amos

A/ Eenyutu barreessee? Amos B/ Yoom barreeffame? 750 DKD

C/ Ijoo ergaa Raajii Amos

Raajiin kun hawaasa sana keessatti firdii qajeelaan dhibbuu isaa irraan kan ka’e dheekamsa
waaqayyo bira isaanitti dhufaa jiru dubbata. Kana gochuu isaan cubamoota gara qalbii
diddiraanatti waama, warra haftee ta’an immoo injajjabeessa. Sabni Isira’el seera waaqayyoo irra
dadarbuu isaanin garaan isaanii waaqayyoo irraa fagaatee oftoo, sassatoo fi namuusa kan
hinqabne waan ta’aniif, isa hiyyeessa miidhuudhaan oftuulummaadhaan maqaa waaqayyoo
waamaa akka waan badisi isaanitti hidhufnetti dubbachuu isaaniif dheekamsa waaqayyoo
isaanitti dhufaa jiru isaan beeksisa. Ergaan kun irra caalaan isaa dheekmsaa yammuu ta’uu ergaa
abdii qabu yartuu isaas of keessaa qaba. Dheekamsi waaqayyoo isa dhuumaa akka hintaane,
kakuu isaa deebisee akka yaadatu haara’umsaas akka fiduu akka hubatan isaan gargaara. (9:5-15)

5.1.3. Raajii Yoonaas

A/ Eenyutu barreessee? Yoonaas B/ Yoom barreessee? 775 DKD

C/ Ijoo ergaa Macaafa kanaa

Macaafni kun Waaqayyoo uumama irratti aboo kan qabu waaqa akka ta’ee fi warra qalbii
diddirraannaa isaa dhugaan gara isaatti deebi’aniif immoo dhiifama kan godhu waaqa
garalaafessa ta’uu isaa mul’isa.

5.2.5. Raajii Naahoom.

A/ eenyuutu Barreessee? Naahoom B/ Yoom barreeffamee? 650-620 DKD.

C/ Ijoo ergaa Raajicha Naahoom

Ijoon ergaa macaafa kanaa waaqayyoo diina saba isaa kantaate Nanawee irraattii dheekamsa
akka fidu beeksisee haftee Yihudotaa warra ta’an immoo jajjabeessuu dha. Bara 722 DKD

40

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Isira’eliin warra booji’an fi Yihuudaatti ammaa amma marsuun kan dhiphisaan warra Asoriin
waaqayyoo akka adabu dubbata. Ergaan kun haftee warra Yihudotaa waaqayyoon amananii
abomamuun akka jiraataaniif isaan jajjabeessaa. Waaqayyoo guddaa dhaa fi waan hundumaa
gochuu kan danda’uu waaqa jiraataa dha. Yaada namaa keessatti hojaan isaa meetira 30 kan ta’u
masaraan magaalaa gudditti sanaa akka diigamuu danda’uu hinamanamu. Hat’uu iyyuu malee
waaqayyoo akka isheen diigamtuu fideebitees lammafaa akka hinijaaramne dubbateera. (1:14.
3:19) bar asana keessa magaalonni baay’een diigamanii ijaaramaniiru. Nanaween garuu
lammaffaa deebitee hinijaaramne( hinaarefamnees)

5.2.6. Raajii Ermiyaas

A/ Eenyutu Barreessee? Ermiyaas B/ Yoom barreeffame?627-586 DKD

C/ Ijoo ergaa Raajii Ermiyaas

Ermiyaas waa’ee Yerusalemii fi waa’ee mana qulqulluummaa dursee ergaa firdii isa dubbate
sana rawwatamuun isaa raajii dhugaa ta’uu isaa kan agarsiisuu fi boojuu booddees kaninni
dubbate akka rawwataman amananii hafteen abdii akka godhatan isaan jajjabeessa. Waaqayyoo
yihuudaa sababa cubbuu isheetiif Baabiloonin isaan addaba,booda garuu baabiloonin
adabuudhaan saba isaa gara biyya isaanitti deebisa. Kakuu daawitii wajjin gales inraawata.
Masihii kaasee kakuu haaraa saba isaa wajiin gala. Isa waajin walittidhufeenyaa gaarii kan
uuman saba haraa tokko uumata.

5.2.7. Raajii Anbaaqom

A/ Eenytu barreesse? Anbaqom B/ YYoom barreeffame? 620-607 DKD

C/ Ijoo Ergaa Macaafa kanaa

Akeekni macaafa kanaa inni guddaan waaqayyo irratti amantii qabnu jabeessuudhaaf kan
barreeffameedha. Waaqayyoon amanachuudhaan dheekamsa dhufu jalaa ba’uu akka danda’an
yaadachiisa. Namani qajeelaan amantiidhaan jireenya dhugaa argata. Hammeenyi, miidhaan,
yakkii fi firdii qajeelaan dhibuun yeroo baayate keessaa raajichi anbaaqom dalga ittgaluu isaa
irraan kan ka’e, waaqayyoon maaliif cal jettaa? Hammaa yoomitti wanti kun ittifufaa? Jedhee
gaafata ture. Dhimmi kun Waaqayyoo duraa kan hindhokanne akka hintaanee fi hojii irra

41

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

jiraachuu isaa dubbata, warra Baabiloonin fidee akka isaan adabu raajichaati dubate, raajichi
caalatti iyyuu dalga itti galuu isaa irraan kan ka’ee attamitti warra caalaa cubbuu hojjetanitti
fayyadamtee nu adabdaa? Jedhee gaafii lammafaa gaafata. Waaqayyoos warra Baabilonin yeroo
isaatti akka adabu itti dubbachuudhaan inni immoo amantiidhaan akka jiraatu itti
dubbatte.raajichis waaqayyoof bitamuudhaan gadi ofdeebisee faarfannaa dhaan kadhata godhate.

5.2.8. Raajii Sefaniyaa.

A/ Eenyutu Barreessee? Sefaniyaa B/ Yoom barreeffame? 625 DKD

C / Ijoo ergaa sefaniyaa

Ergaan isaa inni guddaan waa’ee guyyaa waaqayyooti. Sefaniyaan Yihudotaa fi mootummoota /
saboota kan biro irratti guyyaan waaqayyoo dhufaa akka jiru beeksisa. Raajiin kun ergaa
dheekamsa waaqayyoo isa dhufaa jiru dbarsuudhaan sabni sun qalbi diddiratee gara
waaqayyootti akka deebi’u, waaqayyoon akka barbaadatu, waaqayyoon akka amanatuu fi akka
eeggatuuf waamicha godhaaf. Warra amanamoof immoo ddaba booda abdii jiru itti dubbateera.

5.2.9 Faaruu Ermiyaas

A/ Eenyutu barreessee? Ermiyaas B/ Yoom barreeffamee? 586 DKD

C/ Ijoo ergaa Faaruu Ermiyaas

Kakuu waaqayyoo cabsuu isaanii irraan kan ka’e warra Baabilonin kufaatii Yerusaalem,
diigamuu mana qulqullummaa fi gadeebi’ummaa sabaa sana irratti ta’e ilaaluudhaan boo’ichaan
kadhata gara waaqayyootti dhiyaate mul’isa. Waaqayyoo yoo dheekamsa fide iyyuu baayina
araara isaa irraan kan ka’e kakuu saba isaaf gale ineega.

5.3. Raajota bara boojuu keessa Tajajilan

5.3.1. Raajii Hisqi’el

A/ Eenyutu barreessee? Hisqi’el

B/ Yooma barreeffamee? 593-571 DKD

C/ Ijoo ergaa Raajii Hisqi’el

42

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Yaadni ergaa macaafa kanaa inni guddaan yerusaalem maaliif akka kufte, sabni isaa maaliif
boojuu jala jiraachaa akka jiru isaaniif ibsuudhaan, waaqayyo hojii isaatti sirrii akka ta’e fi warra
hambaa immoo waaqayyo deebi’ee akka isaan yaadatu abdii akka godhatan isaan kakaasuuf.
Cuubbuu sabichaa tokko tokkoon ibsee attamitti kakuu waaqayyoo akka diigan, kunis
dheekamsa waaqayyoo isaanitti attamitti akka fidee, waaqayyoo hojii isaatti kan hindogogorre
ta’uu isaa fi boojuu booda immoo haara’umsi akka jiru dubbatameera. Dabalataniis mootumoota
kan biraa irrattis dheekamsa dhufuudhaaf jiru dubbateera.

5.3.2. Raajii Daani’el

A/ Eenyutu barreesse? Daani’el B/ Yoom Barreeffamee? 605-535 DKD

C/ Ijoo ergaa Raajii Daan’el

Waaqayyoo jiraataa ta’uun isaa giddu galeessa ergaa kanaa yammuu ta’u, kallattii hafuuraa fi
siyaasaan ilaalama. Biyya boojuu keessa warri jiraatan Isiraelootni haala rakkisaa keessa yoo
jiraatan iyyuu, amanannaa isaanii jiraachudhaan akka mul’isaaniif waamichi isaaniif godhame.
Waaqayyo saba hundumaa irratti guddaa ta’uu isaa hubachuudhaan jiraachuu isaan barbaachisa.
Yaanni waaqayyoo eeenyuunu kan hingedaramneedha. Waaqayyoo akeeka isaa isa barabaraa
sana mul’isuudhaan warra boojuu irraa hafan sana jajjabeessa. Sabni kun mootummaa warra
ormaa jalatti yoo dhiphifame illee guyyaan tokko indhufa, waaqayyo mootumma isa isa
barabaraa indhaabbata. Sabni isaa jabaatee waaqayyoon amanannaa isaa godhachuun jiraachuu
isaa itti hafufu.

5.4. Raajota bara boojuu booda tajaajilaa turan.

5:4.1 Raajii Hagee

Eenyutu barreessee? Hagee B. yoom barreeffamee? DKD 520

C/ Ijoo ergaa Raajii kanaa

Kaayyoon Hagee sabni boojuu dhaa deebi’e mana qulqullummaa isa ijaaramuu jalqabee karaatti
hafe sana akka itti fufufi waaqayyoo waa’ee haara’umsaa kakuu isa gale akka yaadataniif isaan
jajjabeessa. Sabichi moormii ture sanaaf jecha mana waaqayoo ijaaruu dhiisanii gara hojii mata
mata isaanitti deebi’anii turan. Haagee fi Zakariyaas sabichi hojii waaqayyoof dursa akka kennu

43

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

isaan yaadachiisu. Abbomamuu fi abbomamuu diduu bu’an isaa maal akka fakaaatu mul’isuun
mana waaqayyootiif dursa kennuudhaan yoo socho’an waaqayyo akka isaan eebbisu, humnaa fi
jajjabina akka isaaniif ta’u, kaaraa isaanii sabni kan biraan akka eebbifamu isaanitti dubbatan.

5.4.2. Raajii Zakariyaas

A/ Eenyutu barreesse? Zakariyaas. B/ Yoom barreeffamee? 519-480 DKD

C/ Ergaa ijoon Raajii kanaa

Boojuudhaa warra deeb’ian Yihudota gara qalbii diddirannaatti waamuu, hojii ijaarsa mana
qulqullummaa sanaa ittifufaanii akka xumuran isaan kakaasuu fi waaqayyoo gara fuula duraattii
raawachuuf kan jiru isaan beeksisuun isaan jajjabeessa. Hageen hojii ijaarasa mana
qulqullummaa sanaa akka ittifufaanii fi gara xumuraatti akka fidaaniifi waamicha yammuu
godhu, Zakariyaas immoo gara qalbii diddiranaatti isaan waamuudhaan haraa’umsi hafuura akka
dhufuuf waamicha godha.

5.4.3. Raajii Milkiyaas

A/ Eenyutu barreessee? Milkiyaas B. Yoom Barreeffamee? 430-420 DKD.

C/ Ijoo ergaa Raajii Milkiyaas

Milkiyaas bifa falmiitiin gara waaqa kakuu isaaniitti akka deebi’uudhaan abaarsaa fi dheekamsa
dhufuu jalaa akka ba’aniif isaan yaadachiisa.

Boqonnaa 6:- Ilaalcha kakuu Haaraa

Kakuuhaaraanmacaafota 27 kanofkeessattiqabatuyammuuta’u, macaafonni kun iddoo 4 hiramu.


Isaanis :Waangelota 4, Macaafaseenaa 1, ErgawaanyknXalayoota 21, macaafaraajii 1. ta’u.

6:1. Wangeelota

Macaafota jalqaba kakuu haaraa irratti argaman 4 waa’eenjireenyaYesuus kan keessatti


barreeffamaniidha. Macaafonni kun waangeela jedhamanii waamamu.

44

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

6:1.1. Wangeela Matewoos

a/ Eenyutubsrreesse? Matewoos, B/ Yoombarreeffame?DKB 50-60 gidduu. C/ Eeenyuuf


barreeffame? WarraYihudotaaf, D/ Ijoon luqisii macaafa kanaa ( Mat.16:13-20).

E/ Ergaa guddaa Macaafa kanaa

 Misihichi Yesuus Hidda Dawit, Mootii barabaraa ta’uu isaa hubachiisa. Misihiinin
dhalata jedhamee kakuumoo faakeessatti kandubbatameYesuusta’uuisaa ibsa.1:1; 4:15-
16. 2Sam.7:10-16; Isa.9:1-7. Yesuus raawwii raajii kakuu moofaa keessatti dubbataman
ta’uuisaa jechoota garagaraatti fayyadamee ibsa. Fknf, IlmaDawit (9x),
MootummaaWaaqayyoo (33x), Abbaa(15x), akkasumas raajonni kakuu moofaaYesuusin
raawatamuun isaanii Maatewoos qofa keessatti yeroo 65 dubbatameera.
 Yesuus Museeisa Haaraadha. Museen saba Isiraeliin garbummaa jalaa akkuma baase,
Yessuu immoo saba isaagarbummaa cubbuu jalaa baasee. (1:21; 20:28), Museen Isiraelif
seeraakkumakenne, Yesuusseerahaaraabartootaisaafkenne.(Boqonnaa 5-7); Raajiin
akkaMusee tokko hinka’a jedhamee raajiin kan dubbatameef Yesuus ta’uu
isaahubachiisa. (S.Kes.18:15-19)
 Yesuus Ofii isaa kennaa godhee Aarsaa of dhiyeessuuisaa. Seerri aarsaa kakuu moofaa
faakeenyaYesuus Kiristoos aarsaa furii ta’uu isaa agarsiisa. Yesuus Kiristoos arsaa furii
mudaa hinqabnee fi raawwatee qulqulluu akkata’e Maatewoos dhugaa ba’a.( Isa.53:1-12,
Mat.26:24-67; 27:12-14)
 Ergama isa guddaa: Yesuus Kiristoos warra Isira’eliif qofa dhufe utuu hinta’in namoota
hundumaaf. (Mat 2:1-12; Mat.8:5-13; 15:22-28). Waldaa kiristiyaanaa jechuun
namnifayyadameMatewoosqofa. 16:18, 18:17. Yesusis ergama isa guddaa kana waldaa
kiristiyaanatti kenne. (Mat.28:18-20)
6.1.2. Wangeela Maarqos
A/Eenytubarreessee?Maarqos.B/Yoomabarreeffame?DKB.50 C/ Eenyuufbarreeffamee?
Sabaa Roomaa keessa jirataniif D/ FurtuunLqisiimacaafakanaa (Marq.10:45, 15:39)
E/ Ergaa wangeela Marqoos isa guddaa.
 Yesuus IlmaWaaqayyooti. Yesuus yammuu cuuphame waaqayyoo abbaan kan dubbate
(1:1;9-11) gaaraa ulfinnaa sana irraatti ulfinamul’ate(9:7), Yesuus waa’ee ofii isaa kan

45

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

dubbate (12:6;13:32), Qayyaaffaan gaaffii inni gaafateef deebii inni kenne(14:61),


hafuuronni hamoonni kan dhugaa ba’an. (1:23-26), looltuun warra Roomaa sun kan
dhugaaba’e(15:39), waligalatti IlmaWaaqayyoota’uu isaa agarsiisu. Yesuus bartoota isaa
akkasumas immoo hafuuronni hamootni yeroo isaa malee ilma waaqayyoo ta’uuisaa akka
hin dubbanne dhoweera. (1:25,34; 3:12; 8:27-30)
 MootummaaWaaqayyoo. Mootummaa waaqayyooti galuu jechuun qalbididdirachuun
bulchiinsa Seexanaa jalaaa gara bulchiinsa waaqayyooti galagaluu jechuudha.(1:15; 9:47-
48,10:14-15,23-25; 11:10; 12:34; 15:43)
 Hojjetaa gadi ofdeebise. Yesuus dukkabuutonni isaa duukaa bu’uu kanqaban geggeessaa
isakan warra yeroo sana turanii Giriko-Romaa sana irraaadda baase agarsiise (10:45)
 Amaladukabuutotaisaa. Marqos Wangeelota wara kaan irraa akkataa adda ta’ee kufaati
bartootaa olkaasee agarsiisa, bartoonni fakeenyaYesuus hubachuu akka dadhaban.(4:11-
13,33-34), akeeka misiyonummaa yesuus hubachuu akka dadhaban,(831-33;9:31-
32),Pheexiroosattamittiakka gane, (14:66-72), brtoonni isaa akkamitti akka booda
deebi’an (14:50) kanisaan hubachiisaa bartuu isaa irraamaal akka eegamu ibsa.
 Ilma namaa.Yesuus nama dhugaa ta’uu isaa.(Dan.7:13;Mar.8:38;13:26;14:62), Aangoo
inni cubbuu dhiisuu irratti qabu(2:10), Gooftummaa inn isan bata irratti qabu (2:28),
qoramsafudhachuuisaa fi du’amo’eeka’uuisaa(8:31; 10:33-45; 14:21-41)
 Bittaa garbummaa mootummaa mormuu. Kun jechuun, Yesuusmalee Qeessaargooftaa,
fayyisaas akka hintaane hubachiisa (8:31; 9:30-31; 10:33-34,45; 16:19

6.1.3 Wangeela Luqaas

A/ Eenyutubarreessee?Luqasisajaallatamaaabbaaqorichaasana. B/ Yoombarreeffamee?58-60
DKB. C/ Eenyuufbarreeffamee ?Tewofiloosiif. D/ Luqisiin furtuun macaafa kanaa (Luq.19:10)

E/ Ergaawangeela Luqaas inni guddaan

 Karoora Waaqayyoo isa barabaraa:-waaqayyo karoora isaa isa barabaraa Yesuusin


erguudhaan rawwate isa jedhu hubachiisa (1:31-33,67-71). Wangeelli Luqaas warra kaan
caalaatti ’jabina’ jecha jedhu yeroo 4 irradeedi’ee dubbate.

46

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Yesuus raawwatama raajiiti . Luqas isanu biratti rawwatame (1:1) jedhee dubbachuuisaan
kakuu moofaa keessatti raajiin dubbatamee fi karoorri waaqayyood hiphina, du’eedu’a
aka’uu isaan raawwii akka argate hubachiisa.(Isa.61:1-2, Luq.4:18-19, 18:31-33,9:44)
 Yesuus waa’ee warra Hawaasa gidduutti fudhatama hinqabnee fi dhimmaa ture. Saba
ormaaf, Hiyyesotaaf, qaraxootaaf, cubbamootaaf, dhukubsatootaaf, warraqaamahir’uuf,
dubartootaa fi mucoolii dhaa fi iddoo guddaa qabature ( 2:32; 5:27;6:20; 8:2-3; 7:9;
1030-37;14:12-14;18:10-11;23:27,49,57).Wangeelota kan biro keessatti kan hinargamne
waa’ee dubartoota 13 barreesseera.
 Hafuura qulqulluu. Luqaas waa’ee Hafuura qulqulluu jabeessee dubbateera. Simoon
Zekariyaasi fi Elsabet irra hafuura qulqulluutu ture. (1:41, 67;
2:25)YesuusHafuuraqulqulluudhaanulfeefamedhalte. Hafuura qulqulluun bifa gugeettin
Yesuus irra bu’e. hafuuraqulqulluu dhaan geggeeffamee garalafa onaa adeeme, human
Hafuura qulqulluutin lallabe, human Hafuura qulqulluutiin du’aaka’e, hafuura
qulqulluudhaan cuupha 1:35,3:16,22, 4:1,18,24:49) Abbaan warra isa kadhataniif
Hafuura qulqulluu kenna 11:13, Hafuuraa qulqulluu arabsuun dhiifama hinqabu.12:10,
 Kadhata .Yesuus jireenya kadhaataa isaan bartootaisaaf fakeenya ta’e.( 5:16:6:12, 11:1,;
22:41-42)
 Ergamotawaaqaa. Tajajilli ergamoota waaqaa wangeloota kan biraa irra caalatti Luqaas
keessatti barreeffamanii jiru.(1:8-20, 26-38; 2:8-14; 12:8-9; 15:10; 16:22; 20:35; 24:4-7)

6.1.4. Wangeela Yohannis

A/ Eeenytu barreessee? Yohannis B/ Yoom barreeffame? 80-90 D.K.B

C/ Eenyuuf barreeffamee? Amantoota Efesoonii fi akkasums immoo namaa hundumaaf. Luqisiin


ijoo macaafa kanaa Yoh.3:16

D/ Ergaan wangeela Yohannis Isa guddaa.

 Yesyuus Sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa(Waaqa):- Yesuus hoolaa waaqayyoo, Masihii fi


Ilma waaqayyoo ta’uu isaa hubachiisa. ( 1:1,14, 29,36; 3:17, 35-36; 5:19-26; 6:40)
Yohannis waa’ee waaqummaa Yesuus jabeessee bareesse. Isa Gooftaan ‘Ana’ jedhe sana
waaqummaa isaa ittin ibsa. (6:35;8:12; 10:7-9; 10:11-14; 11:25; 14:6; 15:1).

47

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Mallattoo(sign). Yesuus milikitaa fi dinqii inni gudhee eenyummaa isaa kan mul’isuudha
jedha. Kun jechuun, Yesuus Ilma waaqayyoo, waaqayyoon kan bakka bu’e fi waaqayyo
isa mul’ate ta’uu isaa mul’isa. ( 2:1-11; 4:46-54; 5:1-15; 6:5-14,16-24; 9:1-7;11:1-45).
 Hawaasa kakuu haaraa fi Yihudota. Kakuu haaraa keessatti saba waaqayyoo ta’uu fi
waamicha kan argatan saba tokkicha qofaa utuu hinta’in, Yihudotaa fi warra Yihudota
hinta’in gidduu garaagarummaan utuu hinjiraatin hundumtuu hawaasa Masihii ta’ee
umame. Hawaasni kun eegdu tokko jala jiraata( 10:1-20), dame isaatiin(15:1-8) fi umama
haaraa ta’uun (20:20) fakeenyaan mul’ateera.
 Waaqayyo abbaa:- Yohaannis wangeela isaa keessatti ‘Abbaa’ jechuun sia 120
waameera. Tokkummaa Abbaa fi Ilma gidduu jiru ibsuun Ilmi waaqa ta’uu isaa ibsa.
(5:19-20, 10:30, 14:9-11)
 Fayyinaa fi Yesuus qooda keenya du’uu isaa. Akeeka waaqayyoo Ilmaa isaa gara biya
lafaatti ergeef, biyyi lafaa akka ittin fayyuu fi jireenya barabaraa ittin kennuuf. 3:16-17.
Namootni akka ittin fayyaniif karaa tokkichi waaqayyo qopheesse Yesuus
kiristoos(14:6).
 Hafuura qulqulluu. Hafuura qulqulluun Yesuus dhaloota isaa,guddina isaa, tajaajila isaa,
du’ee duaa kaa’uu isaaf iddoo guddaa keena.(1:32-33; 6:63; 7:39; 14:15-16; 20:22).

6:2. Macaafa Seenaa

Macaafa seenaa keessatti kan ramadame macaafa Hojii ergamootaati. Macaafni kun Yesuus ega
olba’ee booda ergamootni humna hafuura qulqulluutiin guutamanii hojii isaan hojjetan kan
mul’isuudha.

6.2.1. Hojii Ergamootaa

A/ Eenyutu barreessee? Luqaas B/ Yoom barreeffame? 60 D.K.B. C/ Eenyuuf bareffamee?


Tewofelos(nama dhuunfaa). D/ Ijoon Luqisii macaafa kanaa H.Er 1:8)

E/ ergaa guddaa macaafa kanaa

 Dhugaba’umsa. Yesuus abbommi inni waldaa kiristiyaanaatif kenne in dhumaa


‘dhugabaatotakoo’ taatu isa jedhuudha. Ergamotnis gaatii baasuun isaan irra jiru
hundumaa baasanii dhugabatota ta’aniiru. (2:14; 4:18-21; 5:17-18; 7:2-22; 8:4-5; 12:1-

48

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

4;13:5; 18:24-28). Fayyinni saba hundumaaf akeeka waaqayyoo isa barabaraa ta’uu isaa,
kun jechuun wangeelli saba hundumaaf barbaachisaa akka ta’ee hojiin ergamootaa
barsiisa.
 Kadhata. Kadhati waldaa kiristiyaanaa keessatti iddoo guddaa akka qabaachaa ture
barsiisa. (1:14, 2:5, 3:1; 8:2; 12:5; 16:16; 22:12)
 Ariyatama. Macaafa kana keessatti amantooni utuu walitti hinkutin ariyaatamaa akka
turan hubachiisa. (4:18-21; 5:17-18; 7:59-60; 12:1-4)
 Hafuura qulqulluu. Gadibu’uun hafuura qulqulluu fi amantoota keessa jiraachuu
jalqabuun isaa yeroo jalqabaaf hojii ergamootaa keessatti ibsame. Hojiin ergamootaa
hojii Gooftaadhaan jalqabame karaa hafuura qulqulluu akka ittifufe hubachiisa.(1:1-8;
2:4; 4:8,31; 5:3; 6:3; 7:55; 8:15-19; 9:17;10 :38,44-45;11:15;13:2; 15:8;16:6; 19:2;20:23)
 Du’ee du’aaka’uu isaa fi olba’uu Yesuu. Hojiin fayyinaa fannifamuu Yesuus Kiristoosin
raawatame. Ergaan labsamu inni guddaan hojii fannoo irratti raawatame kana. Du’ee
du’aa ka’uunii fi gara waaqaatti olba’uun yesuus handhuura wangeelaati.( 2:38; 5:30-
31;10:43; 13:38-39)

6:3. Ergawan.

Ergawan akkuma maqaa iaan mul’atu nama tokkoo gara wara kaanitti kan barreeffamuudha.
Hata’u iyyuu malee ergawan kun hafuura waaqayyootii geggefamanii ergamootan kan
barreeffameedha. Ergawan kunis 21(Roomee-Yihudaatti) macaafota jiraniidha.

6.3.1. Warra Galatiyaa

A/ Eenyutu barreesse? Phawulos B/ Yoom Barreeffamee? 48-49 D.K.B. C/ Eenyuuf


barreeffamee? Waldoota Kiristiyaana Galaatiyaa kibbaa keessa jiraniif. D/ luqisiin ijoo macaafa
kanaa( Gal.3:10-14)

E/ Ergaa guddaa macaafa kanaa

 Fayyinni amantiidhaan malee hojii seeraatin miti. Yihudotas ta’e warri Yihudota
hinta’in Yesuus kiristoositti amanuudhaan fayyu malee hojii seeraatin akka
hintaane barsiisa. Namni kan inni qajeelaa ta’u seera eeguudhaan utuu hinta’in
Yesuus kiristoositti amanuudhaan ayyana waaqayyootiin.

49

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Wangeela. Ergaan wangeelaa inni guddaan dhiifamni cubbuu kan argamu


kiristoos yesuusitti amanuu qofaan isa jedhuudha. Du’uu fi du’aa ka’uun
Kiristoos giddu galeessa wangeelaati. (1:6-8. 15-16; 2:2,5,7, 14; 3:8; 4:13). Kanaa
ala kan ta’e inni wangeela biraadha.
 Jijjirama jireenya amantootaa. Namni tokko yammuu kiristoositti amanu hafuura
qulqulluu argata. (3: 2-5), hafuura qulqulluun qulleeffama.( 5:5), ija hafuuraa
naqata( 5:22).

6.3.2. Gara Warra Tasaloonqee

A/ Eenyutu Barreesse? Phawulos B/ Yoom barreeffame? Bara 50 D.K.B C/ Eenyuuf


barreeffame? Maqadoniyaa keessatti kan argamtu waldaa Tasalonqeetiif. D/ Luqisii ijoo kan
ta’e macaafa kanaa. 1Tas.4:13-18.

E/ Ergaa guddaa macaafa kanaa

 Lammaffaa deebi’ee dhufuu Gooftaa. Waa’ee dhufaatii Gooftaaf hubannoo dogoggoraa


isaan qaban sirreessuuf.1Tas 4:13-18
 Kieistoos isa sobaa( Ilma badiisaa). Kiristoos inni sobaa guyyaa gooftaatti ifatti waan
ba’uu fi olbutamuun waldaa kiristiyaanaa haala kanaaf kan mijatu ta’uu isaa mul’isa.
2Tas2:1-10
 Waa’ee jireenya barabaraa. Lammafaa deeb’ee dhufuu Gooftaa keessatti du’aa ka’uu isa
duraa keessaa warri qooda fudhatani fi yeroo sana biya lafa kana irraa foonin warri jiran
amantonni hundinuu tokkummaadhaan Yesuusin dumessa irratti simachuuf olfudhatamu.
(1Tas 4:17; 2Tas 1:8)
 Naammusa hojii amantootaa. Tasaloonqee keessaa amantoonni jiraatan tokko tokko
deebi’ee dhufuun gooftaa dhiyaateera jechuudhaan hojii hojjechuu dhiisanii dhimma
namaa keessa galuun amantoota kan biroo irratti ba’aa ta’uun warra hinamanin biratti
arabaaf ta’aa turan. Phawuloos jarri akkasii kun jireenya ofii isaanii mo’achuun dhimma
ofii isaanii qofa irratti akka xiyyeeffatan isaan yaadachiisa. (1Tas. 5:14; 2Tas 3:6-15.
 Waamamuu fi jaabachuu. Akka amantootaa waaqayyoon waamamaniitti waamicha
isaaniif loluufi jaabachuu akka qaban isaan isaan hubachiisa( 2Tas.2:3-15)

50

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

6.3.3. Gara Warra Qoronxoos.

A/ Eenyutu barreessee? Phawuloos B/ Yoom Barreeffamee? 54-55 D.K.B C/ eenyuuf


barreeffamee? Akayaa keessatti kan argamtu waldaa kiristiyaanaa Qoronxoosiif. D/ Luqisii ijoo
macaafa kanaa 1Qor13:13; 2Qor 5:16-21)

E/ Ergaa gara warra Qoronxoos isa guddaa

 Sirna waldaa kiristiyaanaa. Ergaan Phaawuloos gara warra 1Qoronxoos isa duraa waldaa
kiristiyaanaa keessatti rakowan ka’niif deebii kenna. FKN f, gareen walhiruu,
qulqullummaa, Gaa’ela, durbummaa, waa’ee arsaa waaqa tolfamaaf
dhiyaatu,waaqeffannaa, Irbaata Gooftaa, kennaa ayyaanaa fi ittifayadama isaa fi waa’ee
du’aa ka’uu ta’u. 2Qoronxoos keessatti Phawuloos waa’ee tajaajila isaa bali’inaan ibsa.
 Du’aa ka’uu warra du’anii(1Qoronxoos): amantoonni qoronxoos du’aa ka’uun yeroo
lammaffaa dhalatan malee du’a booddee isa jiru hinamana.Luq 20:34-38 irratti akka
ergamootaa taaneera jechuun walittidhufeenya gaa’elaa yeroo isaan mormantu
mul’ata.1Qor 7:1-5, walittidhufeenya dhiiraa fi dubartii gidduu jiru mormuun(1Qor 11:2-
6), afaan ergamootaatin dubbanna jechaa turan,(1Qor 13:1). Waaqayyoo foon du’aa
hinkaasu jechuudhaan ejjaan jiraatu, 1Qor 6:13-18), barsiisa sobaa kana irratti Phawuloos
barsiisa kennaa ture.
 Irbaata Gooftaa fi Cuuphaa: amantoonni qoronxoos Irbaata Qulqulluu fi cuuphaa
qulqulluu fayyina keenya mirkaneessa jedhanii amanu, kanaaf Phawuloos karaa kanaan
fayyinni akka hinargamne ibsa(1Qor 10:1-12; 11:20-34
 Kakuu haaraa fi kakuu moofaa(2Qoronxoos): Amantoonni kakuu haaraa keessaa ulfina fi
jijjiirama hafuura qulqulluun argamu agarsiisa. Kakuun inni durii yakkamaa ta’uu namaa
fi firdiin kan isaan eeggatu ta’uuagarsiisa; kakuu haraan garuu waa’ee jireenyaa fi
qajeelummaa agarsiisa(2Qor3:18)

6.3.4. Gara Warra Roomaa

A/ Eenyutu baressee? Phawuloos Yoom barreeffamee? Bara 56-58 D.K.B. C/ Eenyuuf


barreeffamee? Waldaa kiristiyaanaa Romaa keessatti argamtuuf. D/ Luqisii ijoo macaafa kanaa
(1:16-17; 3:21-26).

51

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

E/ Ergaa guddaa macaafa kanaa

 Waa’ee qajeelummaa Waaqayyoo. Namani qajeelummaa ofii isaan waaqayyotti


dhiyaachuu waan hindandeenyeef adaba cubbuu fannoo irratti kan fudhate qajeelummaa
Yesuusin waaqayyo duratti qajeelaa ta’ee mul’ata.( 1:1; 4:1-3; 5:18)
 Wangeela:- ergaan Roomaa kan barsiisu namani hundinuu( Yihudii fi Yihudii kan
hinta’in sababa cubbuu irraan kan ka’e rawwatee kan bade; Kiristoos immoo cubbuu
nama hundumaaf kan du’e( gatii cubbuu kan baase), namni hojee seeraan utuu hinta’in
ayyaana waaqayyoon fayyuu akka danda’u. (2:9; 3:9,23; 4:24-25; 1:8; 6:23)

Ergawan Phawuols Mana Hidhaa keessa ta’ee barreesse

6.3.5. Gara Warra Philiphisiyuus

A/ Eenyutu barreesse? Phawulos B/ Yoom bareeffamee? Bara 59 C/Eenyuuf barreeffamee?


Amantoota Filiphisiyuus D/ Luqisii ijoo kitaba kanaa ( 1:27-30)

E/ Ergaa guddaa macaafa kanaa

 Wangeela;-Phawuloos ergaa kana keessatti waa’ee wangeelaa yeroo torba irradeddebi’ee


kan dubbate yammuu ta’u, wangeelaaf akka ta’uutti jiraachuuf akka wallansoo qaban isan
hubachiisa.91:5;1:7; 1:12;1:16; 1:27; 2:22; 4:3; 4:15)
 Gammachuu. Phawuloss haalli inni ittin mana hidhaa keessa ture haala gaarii hinturre.
Hata’u iyyuu malee ergaan Filiphisiyuus dhimmaa nageenyaan kan guutee dha.(1:3-5;
18-19, 25-26; 2:1,17-19,28-29;3:1, 4:1,4,10, 18)
 Waa’e eenyummaa Yesuusi fi hojii isaa. Waaqayyoo Yesuusif maqaa isa hunumaa irra
caaalu kenneef jechuun Yihudota Filiphisiyuus keessa jiraatanif Yesuus
Yahweh( waaqayyo) akka ta’e ibsaafi akka Yesuus olfina isaanii dhiisanii gadi
ofdeebisanii akka isa tajaajilani fi akka jiraatan isaan hubachiisa.(2:6-11).

6.3.6. Gara Warra Efeson

A/ Eenytu barreesse? Phawulos B/ Yoom barreeffamee? Bara 60 C/ Eenyuuf barreefame?


Amantoota Efesoniif D/ Luqisii ijoon ergaa kanaa( 1:9-10; 1:13-14)

E/ Yaadni guddaan ergaa kanaa

52

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Gooftummaa Yesuus. Ergaan warra Efesoon kun Yesuus Kiristoos waaqa irratti, lafa
irratti, bara isa dhufuuf jiru , warra humna qaban, warra aangoo qaban fi mootumaa
qaban hundumaa irratti Goftaa akka ta’e hubachiisa.(1:3,10,20, 2:6, 3:10;6:12)
 Waldaa Kiristiyaanaa. Ergaa kana keessatti bal’inaan kan arginu keessa tooko waldaa
Kiristiyaanaa kan jedhuudha. Waqayyoo akkeeka waldaa kiristiyaanaa dhaabeef
mul’seera. (1:4,5,9,11,13,20; 2:4-6,10; 3:11), amalli waldaa kiristiyaanaa ishee haaraas
ibsameera.(2:13-22; 4:32;5:1-2, 5:18-20). Humni waldaa kiristiyaanaa immoo maal yoo
jedhame qabsiisa sanaa fi chaapaa sanaa(1:3), burqaa humnaa(3:16), hidhaa
tokkummaa(4:3-4) fi humna lola hafuuraa ittin lolan(6:17) kan ta’e hafuura qulqulluudha.
 Amala fayyinni qabu. waaqayyo dhala namaa fayyisuuf akeeka fayyinaa qopheesse(1:4-
6). Waqayyo ilmi ayyaana isaatii nu fayyise (1:7-12), warra fayyan hafuura
qulqulluudhaan mallateesse(1:13-14).

6.3.7. Gara Warra Qolasayiis

A/ Eenyuutu barreessee? Phawuloos B/Yoom barreeffamee? Bara 60 C/ Eenyuuf barreeffamee?


Amantoota Qolasayisiif. D/ Luqisii ijoon Macaafa kanaa (2:6-10)

E/ Ergaa Qolasayis isa guddaa

 Yesuus hundumaa irra incaala. Yesuus Kiristoos wanti hundumtuu isaan kan umame,
waan hundumaa dura kan ture waaqa. Guddina Yesuus biratti yammu ilaalaman,
Falaasamni, humnooti hafuuraa,seerota garagaraa eeguu fi wantoota sadarkaa
lammaffaan kennamaniif ta’uu isaanii Qolasiya ibsa. (2:8-19; 3:4)
 Furii ta’uu. Yesuus furii ta’uun isaa qolasayis keesatti barsiisa guddaa yammuu ta’u,
Kiristoosin dhiifama cubuu arganneerra(1:13-14), karaa dhiigaa isaa isa fannoo irratti
dhangala’ee immoo waaqayyootti araaramneerra, (1:19-20,22), caaafati du’aa sun nurraa
dugugameera(2:14), karaa Yesuus nama ga’aa taaneerra(2:10), dabalataniis akka amanaa
tokko isa olii yaaduu qabna(2:20; 3:1).

6.3.8. Gara Warra Filmoon

A/ Eeenyuutu barreessee? Phawuloos B/ Yoom barreffa? Filmoonaa C/ Luqisiin ijoo macaafa


(kanaa 1:17-20)

53

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

D/ Ergaa Filmoonaa isa guddaa

 Dhiifama. Namni Gooftaatti araarame namootaa fi namoota walitti araarsuu. Gooftaan


cubbuu fi yakka keenya akkuma nuuf dhiisee nus warra kaaniif dhiisuu qabna. Namni
araara argate immoo gooftaafis namaafis bu’aa ni buusa. Sababii kanaaf Phawuloos
Filmoonin nama isa mana isaatii waa fudhatee bade Onesimosiin dhiifama godheefi akka
isa simtu gaafata ( 1:15).
 Jaalalaa fi obolummaa jabaa. Phawuloos Filmoon Onesimoosin akka garbichaatti utuu
hinta’in akka obolleessatti jaalalaan akka simatuuf gaafata. Waldaa kiristiyaanaa keessaa
hojjetaa fi hojjechiisaan garbaa fi birmaduun hinjiru hunduu ijoollee waaqayyooti.(1:16)

Ergawaan Soortotaa( Pastoral Epistles)

6.3.9. Isa Duraa fi isa Lammaffaa Ximotewoosii fi Titoos.

A/ Eenytu barreessee? Phaawuloos B/ Yoom barreeffamee? Bara 60 keessaa, C/ Eenuuf


barreeffamee? Ximotewoosii fi Titoosiif. D/ Luqisii furtuun macaafa kanaa 2Xim4:1-2 E/ Ergaa
inni guddaan macaafa Ximotewoos fi Titoos

 Qajeelfamaa fi jajjabina. Efesoonitti dargaggoota geggeessitoota ta’anf ergaa qajeelfamaa


fi jajjabina qabuu isaaniif barreessa.(1Xim 1:18-20; 4:13-16; 2Xim 1:6-18; 2:1-26; 5:10-
17; 4:1-22; Tit 1:4-5;2:1.
 Sirna waldaa kiristiyaanaa. Phaawuloos waa’ee ittigaafatama geggeessitootaa qofa utuu
hinta’in waldaan kiristiyaanaa sirna attamiitin akka geggeeffamtu bareessa.(1Xim2:8-15;
1Xim 3:14-16; 1Xim5:1-20; 1Xim 6:1-19; Tit 3:1-2)
 Barsiisa Sobaa. Wakdaa Efesoon keessatti barsiisi sobaa babal’ataa ture. barsiisa sobaa
kana akka ittisaniif isaan abbooma.(1Xim 1:3-4; 1Xim 4:1-10; 2Xim3:1-9; Tit 3:9-11)
 Ulaagaa geggeessitoota Waladaa Kiristiyaanaa. Jaarsooliin waldaa fi Daaqunonni ulaagaa
isaan qabaachuu qabanii fi waldaa kiristiyaanaa attamitti geggeessuun akka ta’u barsiisa.
(1Xim3:1-13; Tit.1:5-9; Tit 2:2-5)
 Barsiisa sirrii fi jireenya sirrii. Phaawuloos Ximootiwoosii fi Titoos barsiisa fi jirenyia
isa sirrii isa irraa baratan sana duukaa bu’anii akka jiraatan isaan gorsa.(1Xim4:11-
12,2Xim 1:13, Tit 1:13-14; Tit. 2:7-8

54

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

6.3.10 Gara warra Ibirootaa

A. eenyun barreeffame? Hinbeekamu. B. Yoom barreeffame? Bara 65 A.L.I. C/ Eenyuuf


barreeffamee? Yihudota amantoota ta’an Roomaa keessa jiraataniif. D/ Luqisii furtuun macaafa
kanaa (Ib.12:1-2).

E/ ergaan ijoo macaafa kanaa

 Yesuus hundumaa irra caala. Guddina Yesuus Kiristoosi fi kakuu haaraa isaanitti
agarsiisuudhaan akka barumsa isa kakuu moofaatti akka isaan hindeebineef isaan
jajjabeesuuf barreesse. Yesuus Kiristoos hundumaa irra akka caaluu ibsuudhaan kakuu
haaraan kakuu isa moofaa irra wayyuu isaa dhugaa jiru mul’isa dhugaa jiru mul’isa. (1:
1-8, 3:1-5, 5:1-10,7:1-28, 8:1-13).
 Jabinaa fi wabii amantootaa. Amantii isaaniif jecha raiyatama isaan irra ga’e yookaan
amntiitti dadhabuu isaanii irra kan ka’ee gara gara amantii Yihudummaatti deebi’uuf
qoraman. Kanaaf amantooni isa caalu kiristiyaanummaa YKN Kiristoosin mul’ata
waaqayyoo isa olaanaa isa ta’e hubachuun amantii isaaniitti jabaatanii akka adeemaniif
isaan kakaasa. (3:14, 6:9, 7:25,10:36-39, 12:1-4, 12:12-13).
 Akeekachiisa: ergaan kun kakuu haaraan akeekachiisa fi adaba jabaa warra boodee
deebi’aniif barsiisa gidduu galchee barreessa.
1. Amantiitti daagii ta’uunii fi yaalessuun balaa akka qabu.(2:1-4)
2. Amanuu diduunii fi abbomamuu diduun balaa hafuuraa akka qabu( 3:7-4:13)
3. Booda deebi’uunii fi Kiristoos irraa addaan ba’uun balaa akka qabu.(5:12-6:9).
4. Gannuu fi Dhiiga Kiristoos tuffachuun balaa inni qabu.(10: 25-39).
5. Sagalee waaqayyoo jalaa diduun balaa akka qabu.( 12: 25-29)

6:3:11. Ergaa Ya’iqob.

A. Eenyytu barreesse? Yaa’iqob oboleessa Gooftaa. B. Yoom Barreefame? Bara 45 keessa


A.L.H. C/ Eenyuuf barreeffame? Yerusaalemi ala kan ariyataman Yihudota amantoota ta’aniif.
D/ Luqisii furtuu macaafa kanaa(2:21-22).

E/ Ergaa Yaa’iqob isa ijoo.

55

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Amantii fi Hojii . Amantoonni amantii kiristoos irratti qaban hojiidhaan akka mul’isuu
qaban isaan beeksisa. Namni hojii dhaan yoo fayyuu baate iyyuu, amantiin dhugaa garuu
hojiidhaan mul’ata. Yaadni keenya, dubbanaan keenya, hojiin kenyaa fi adeemsi keenya
hundinuu amantii nuti kiristoos irratti qabnu calaqisuu qaba.( 2:14-26)
 Qoramsaa fi Ogummaa. Amantiin qoramee kan ilaalamuudha. Amanaan tokko amantii
isaatti qoramee yammuu ilaalamu obsa ittin akka horatuuf amalee akka ittin baduuf miti.
Qoramsa keessa yammuu jiraannu ogummaa nubarbaachisa. (1:2-5, 13; 3:13-18)
 Naamusa Kiristiyaanummaa:- waa’ee qajeelummaa waaqayyoo, waa’ee firdii isaa,
waa’ee deebi’ee dhufuu isaa amantoonni beekan, kana kan maadaalu jireenya har’aa
borii akka jiraatan gorsuu.(1:19-27, 2:1-13, 3:1-12, 4:4-17)

6.3.12. Ergawan Pheexiroos ( Isa 1ffaa fi 2ffaa)

a. Eenyutu barreessee? Simon Phexiros b. Yoom barreeffamee? Bara 65 DKB. C. Eenyuuf


barreeffamee? Amantoota kiristiyaanota Asiyaa kaabaatti argamaniif.

d. Luqisii ijoon kitaaba kanaa (1Pheexiros 3:15-17; 2Phexiros 3:17-18)

e. Ergaa ijoo Pheexiros

 Qoramuu qulqullootaa fi bara isa dhumaa. Qoramsi kirstiyaanotni kan biyya lafaa
kanaa akka isaan hinta’inii fi duka buutota Kiristoos ta’uu isaaniif raga dha.
Kiristiyaanotni abdii barabaraa akka isaan qabanii fi kan isaan jiraatanis bara isa
dhumaa kana jala akka ta’ee dubbachuudhaan ija isaanii wanta yeroo irraa kaasanii
isa barabaraa irra kaawachuudhaan bara keessummummaadhaan biyya lafaa kana irra
jiraatan fakeenya kiristoos duukaa bu’uudhaan qoramsa keessatti amantii isaanitti
akka jabaatan isaan yaadachiisa. 1Phex. 2:19-28, 1Phex.3:8-14,;4:12-19; 1Phex.5: 9-
10),
 Eenyummaa amantootaa fi dhuga baatii isaan biyya lafaaf qaban:- amantoonni kan
fo’aman, kan qulqulla’an, luboota mootummaa, dhaaltota waaqayyoo waan ta’aniif
yeroo kessumummaan biyya lafaa kana irra jiraatanitti lubbuu namaan isa lolu hawii
foonii irraa ofeeggachuudhaan qulqullummaan jiraatani kiristoosif dhugaa akka ba’an
isaan yaadachiisa. (1Phex 2:9-11; 2:13-17; 3:1-8)

56

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Barsiisota sobaa fi hammeenya isaanii:- kiristiyaanotni warra barri dhumaa hinjiru


jechuun namoota gowomsan irraa ofeegatanii qajeelummaa fi qulqullummaan
jiraachaa dhuufaatii Gooftaa akka eegatan isaan dadamqsa.(2Phex,2:1; 3:1-8).

6.3.13. Ergaa Yihuudaa

A. Eenytu barreessee? Yihuudaa. B. Yoom barreeffamee? 90-95 keessaa. C/ Eenyuuf


barreeffame? Walga’ii Yihudota Kiristiyaanota ta’aniif ( Isiyaa kibbaa keessa warra jiraataniif).

D. Furtuun luqisii ergaa kanaa (Yih 1,3)

E. Ijoon ergaa Yihudaa.

 Barsiisota sobaa. Amantoonni barsiisonni sobaa dhokatanii isaan gidduu galuun rakkoo
isaan uuman irraan kan ka’e amantii isaanii isa rakkina guddaa keessa seeneef akka isaan
lolaaniifi barsiisota sobaa akka isaan saaxalan isaaniif barreessa. Ittidabaluudhaan burqaa
barsiisota sobaa, mallattoo isaanii fi gaaradhumaatti immoo firdii isaan irra ga’uuf jiru
addaan baasee mul’isa.( Yih.1:1-25).

6.3.14. Ergawaan Yohaannis (1,2,3ffaa)

A. Eenytu barreesse? Yoannis B. Yoom barreeffame? 90-95 keessa, C. eenyuuf barreeffamee?


Amantoota naanaa efesoon jiraaniif D. luqisii furtuun macaafa kanaa (1Yoh 5:11-13, 2Yoh.1:9-
11, 3Yoh. 1:4)

E. ijoo ergaa Yohannis

 Hundee barsiisa isa dhugaa irratti kan hundaa’ee namuusa jieenyaa. Fayyina keenya
keessaatti Yesuus namaa dhugaa ta’uu isaa olkaasee mul’isa.(1Yoh 1:1-10, 1Yoh 2:1-17,
1Yoh 3:4-15,18. 1Yoh 4:2-3).
 Barsiisota dhugaa fi sobaa. Amantoonnii barsiisa sobaa warra babal’isan irraa akka
ofeeggatan fi warra dhugaa ta’an immoo akka simatan isaan jajjabeessa. 2Yoh. 1:7-11;
3Yoh 1:6-8).

57

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

6.4. Macaafa Raajii

6.4.1. Mul’ata Yohaannis

a. Eenyutu barreessee? Yohannis b. Yoom barreeffamee? 95-96 DKB gidduu c. Eenyuuf


barreeffamee? Waldoota kiristiyaanaa Isiyaa keessatti argamaniif. D. luqisii furtuun macaafa
kanaa (1:7; 19:11-16)

e. Ijoo ergaa Mul’ata yohannis

 Guddummaa waaqayyoo. Eenyummaa Yesuus kiristoos isa ammaa kana(1), haala yeroo
waldaan sun keessa turtee(2-3). Abbaan seenaa waaqayyoo waan ta’eef akkaataa attamin
seenaa gara dhumaatti fiduu akka danda’u isaan agarsiisuudhaan rakkina warri
hinamanne isaan irratti kaasan keessatti obsanii jajjabachuu akka qaban isaan gorsa. 94-
22), 4: 9, 5:1, 7:15; 13:6; 14:7; 16:7, 18:10,19:20-21).
 Yesuus deebi’ee dhufuu isaa:- inni mo’u hoolaan waaqayyoo, Leencichi Yihudaa Yesuus
Kiristoos ergamootaa fi ulfina guddaan marfamee indhufa. Gara biyya lafaa kanaa dhufee
teessoo dawit irra taa’ee mootii moototaa ta’ee mo’a(1:1-7; 5:519:15-16).
 Waaqayoon waaqessuu fi waaqa tolfamaa waaqessuu. Bara dhumaa isa dhufuufi jiru sana
keesasa amantoonni akkuma yeroo bara mootota warra Roomaa sana keessa ture gaaffii
qoramsa geggeessitoota akka waaqessaniif gaafataman, ariyannaa fi duuti akka isaan
eeggatu beekanii hamma du’aatti amanamoo akka ta’aniif isaan jajjabeessa. (13:4-10, 15-
16; 14:12; 17:14)

Gaaffii irra deebii ilaalcha kakuu haaraa fi kakuu moofaa

Dhugaa ykn soba jedhaa deebisaa

1._____________ macaafa Aster keessatti maqaan waaqayyoo yeroo 9 waamameera.

2. _____________kakuu moofaan macaafota 39 kan ofkeessaa qabu yammuu ta’uu iddo 4


hirama.

3. ____________ergawan warri nuti jennu macaafota 21 (Romee- Yihuudaatti) kan jiran


ergamootaan kan barreeffamaniidha.

58

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

4. ____________ Hisqel bara boojuu keessa nama tajaajileedha.

5.____________Macaafni farfannaa Dawit qofaan kan barreeffamaniidha.

Walitti firoomsi

A B

_____ 6.Seera Lewootaa A. Qulqullummaa

_____7. Macaafa Raajii B. Filiphisiyuus

____8. Ergawan mana hidhaa C. Macaafa Iyyaasuu

_____ 9. Macaafota walaloo fi ogummaa D. Mul’ata

_____ 10 . Raajii bara boojuu booda tajaajile E. Hage

F. Macaafa lallabaa

G. Isayaas
Deebii isa sirrii ta’e filadhu

11. bara boojuu booda warra tajaajilan keessa kan ta’e isa kami?

a. Hage d. hunduu deebiidha

b. Zakariyaas

c. Milkiyaas

12. Macaafonni muse shanan maal jedhamanii beekamu?

a. Tooraa

b. Pentaatukii

c. macaafota seeraa

d. hunduu deebiidha.

59

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

13. Baraa boojuu keessaa warra tajaajilaa turan keessaa kan ta’e isa kami?

a. Anbaaqom

b. Daani’el

c. Yoonaas

d. Sefaaniyaa

14. Yesuus Masihichi hidda Dawit kan ta’e, mootii barabaraa ta’uu isaa kan nuhubachiisu
macaafa isa kami?

a. Yohaannis

b. Maatewoos

c. Luqaas

d. Maarqos

15. Maacaafnni waa’ee boojuu deebi’uu, ijaarsa mana qulqullummaa, amantaa, waa’ee
haara’umsa hawaasummaa fi dinagdee fiduu kan dubbate isa kami?

a. Iziraa fi Nahimiyaa

b. Macaafa lallabaa

c. Macaafa Fakeenyaa

d. Hunduu deebiidha.

16. Macaafa soortuu warri jedhaman isaan kami?

a. 1Ximotewoos

b. 2X imotewoss

c. Titoo

d. Hunduu deebiidha

60

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

17. boojuun fuuladura Isaara’el( Samaariyaa) keessatti raajota tajaajilaa turan keessaa kan ta’e
isa kami?

a. Hosiyaa

b. Amos

c. a fi b n deebidha,

18. Waa’ee dhufaatii kiristoosii fi Kiristoos isa sobaa ( Ilma badiisaa) kan hubachiisu macaafa
isa kam?

a.Wangeela Luqaas

b/ Macaafa Tasaloonqee

c/ Macaafa Roomee

d/ Efesoon

Gaafiilee Harmaan gadiif deebii sirri kenni

19. macaafota kakuu moofaa keessaa tokko filadhuuti ergaa isaa isa ijoo ta’e irratti ibsa kenni?

20. Macaafota kakuu Haaraa keessaa tokko filadhuuti ergaa isaa isa ijoo irratti ibsa kenni?

61

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Barumsa 3ffaa : Kennaa Hafuura Qulqulluu fi Itti Fayyadama isaanii

Hamma ani dhufutti immoo, caafata qulqulla’aa namootaaf dubbisuutti, gorsuutti barsiisuttis
ofkenni. Sagalee raajii dubbatameen , maanguddoonni harka isanii mataakee irra
kaa’uudhaanis ,kennaa hafuuraa siif kennamee si keessa jiru sana hindagatin.1Xim 4:13-16.

Phaawuloos akka nutty dubbatutti tajaajilli ximotewoos bu’a qabeessaa fi ittifufiinsa godhachuuf
waa lama irratti hundaa’uu qaba. 1ffaan sagalee waaqayyoo dubbisuu fi qorachuudhaan. 2ffaa.
Kennaa hafuuraa waaqayyoo biraa isaaf kenname utuu hindagatin ittin hojjeechuudhaan.

Waldaa kiristiyaanaa bara keenya kana keessa jirtu rakkina ishee qunnamaa jiru keessaa inni
guddaan ittifayyadama kennaa ayyaanaa waliin kan walqabateedha. Tajaajilaan sagalee
waaqayyoo barsiisu waa’ee itti fayadama kennaa hafuuraa ittidabalee barsiisaa hinjiru. Bara kana
keessa hinbarbaachisu jechuudhaan. Karaa kan biraa immoo waa’ee kennaa hafuuraa irraatti
amantoonni amantaa qaban sagalee waaqayyoof iddoo olaanaa kennuu irraa kennaa hafuuraa
qofa duukaa bu’uun dogoggora baa’yee keessa gala jiru. Amantoonnii lachuu isaa: sagalee
waaqayyootti fi kennaa hafuuraatti walfaana guddachuu akka qaban barsiifamuu qabu.

Boqonnaa Tokkoo: Kennawan Ayyaanaa

Barumsa kana irratti kennawaan ayyaanaa fi kennaan hafuura qulqulluu tokko waan ta’eef, akka
barbaachisummaa isaatti jecha waljijijiruun ittifayadamna. Waa’ee kennawaan ayyaanaa
baruumsa gadifago utuu hinbaratin duraa waa’ee hiika isaanii beekuun barumsa dogoggoraafi
hiikaa dogoggoraa irraa nu eega.

1.1. Hiikoo isaa

Waa’ee hiikaa kennaa hafuuraa isa sirri utuu hinilaalin duraa waa’ee kennaa hafuuraa hiika
dogoggoraa kennaman ilaalla.

1.1.1. Kennaan ayyaanaa Uumamaan kan argamuudha

Yeroo baay’ee hiikaa kennaa ayyanaa dogogora nuti dhageenyuu, kennaa ayyaanaa fi kennaa
uumamaa tokotti ilaalamuu isaati. Tokkoon tokkoon keenyaa akka bifa waaqayyotti uumamuu
keenya irraan kan ka’e dandeetti waaqayyo nuuf kenne qabna. Kennaan uumamaa kun warra

62

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

waaqaayyotti amanan qofa irraatti kan mula’atu qofa utuu hinta’in warraa hinamanne irrattis kan
mul’atuudha. Sababii kanaaf kennaan ayyaanaa uumamaan dandeetti kennamu wajjin tokko miti.
Kennaan ayyaanaa hafuura qulqulluun kan kennamuudha malee kan biraa miti. Kennaa
uumamaan nuuf kenname gara fayyinaatti gaafa dhufnu ulfina waaqayyootiif yeroo nuti
ittifayyadamnu jira. Hata’u iyyuu malee yeroo hundumaa ta’a jechuu keenyaas miti. Fakeenyaaf,
namni sirbituu ture tokko gara Gooftaa gaafa dhufu sagalee isaa sanaa faarfannaadhaaf
ittifayyadamuu nidanda’a. hata’u iyyuu malee kun yeroo hunda ta’a jechuu utuu hinta’in
Kiristiyaanni kam iyyuu kennaa Hafuura Qulqulluutiin kennameef beekee guddifatee akka fedha
waaqayyootti ittin tajaajiluu qaba.

1.1.2. Kennaan ayyaanaa barumsaan argama.

Hiikaan dogogoraa waa’ee kennaa ayyaanaa jiru kan biraan immoo kennaa ayyaanaa beekumsa
barumsaan argamuu wajjin walfakeessuu dha. Fakeenyaaf, mana barumsaa macaafa qulqulluu
galee sababii barateef qofaaf kennaa barsiisuu, kennaa keggeessuu fi kennaa tajaajilaa akka
argatanitti kan ilaalan amantoonni jiru. Barumsa dubbii waaqayyoo( theology) barachuun kennaa
nukeessa jiruun akka ta’uttii tajaajiluuf kan nugargaaruudha malee, kennaa ayyaanaa nuuf
hinkennu. Macaafa qulqulluun waa’ee kennaa hafuuraa kan nubarsiisu keessaa inni jalqabaa
kennawaan ayyaanaa yaalii fi dadhabbii akkasumaas immoo ogommaa barumsaa irraa ar\gamuu
akka hindandeenyedha. Sagaleen isaa kan nubarsiisu, Yihudoonni barsiisaa fi tajaajila bartootaa
kan isaan dinqifatan barumsa tokko illee utuu hinqabaatin sagaleen isaan keessaa ba’aa tureefi
tajaajilli isaanii baay’ee kan nama dinqisiisu sababa tureef. ( H.er 4:13-14).

1.1.3. Kennaan ayyaanaa tajaajila fi sirna waldaa ti

Dogoggorri inni sadaffaan waa’ee hiikaa kennaa ayyaanaa, waldaaa kiristiyaanaa keessatti toora
hojii fi sirna geggeeffamuu waliin walqabsiisuudha. Hojii kiristiyaanummaa waldaakessatti
hojjetamu ykn koree garaagaraakeessaa galanii hojjechuun kennaa ayyaanaa waliin
walittidhufeenya kan hinqabne ta’uu isaa beekuu qabna.

63

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.1.4. Kennaan ayyaanaa bara keenya kana keessaa hin ojjetu

Dogoggorri waa’ee kennaa ayyaanaa inni dhumaa, waldaa ishee jalqabaa qofaaf kan
kennamaniidha, waldaan kiristiyaanaa jaarraa 21ffaa keessa jirtu sagalee isaa qabdi waan ta’ee
hinabarbaachisu kan jedhuudha. Namootni tokko tokko immoo guutama hafuuraas ta’e kennaan
hafuuraa barakeenya kana keessaa barbaachisaa miti jedhanii ija jabinaan kan dubbatan jiru.
Obbolootnii fi obboleettonnii kennaa hafuuraa isaniif kennameen afaan haaraa yammuu
dubbatan seexna biraati jedhanii murteessuun barcuma firdii waaqayyoo duratti itti kan nama
gaafachiisu ta’a.

Egaa olitti waa’ee kennaa ayyaanaa ilaalcha garaagaraa namootni qaban ergaa ilaallee ittifufee
immoo macaafni qulqulluun kan dubbatu ilaalla.

1.1.5. Hiikaa isa sirrii ( akka macaafa qulqulluutti).

Kennaan ayyaanaa maal akka ta’an namootni hafuuraa Yammuu barreessan hiika garaagaraa
kennu. Isaan kessaa Pirofessara kan ta’e namni Piiter Wagner jedhamu kan barreesse ilaalla. “
kennawan ayyanaa namoota dhagna kiristoos keessa jiraataniif akka fedha waaqayyootti kan
kennamu yammuu ta’u, akeekni isaa dhagnichaa ijaaruu fi jabeessuuf kan kennameedha” hiikaa
kan irraa yaada afurtu jiru, isaanis:-

A/ Hafuura qulqulluun warra lammafaa dhalataniif kennama. Kunis kan agarsiisu kenicha utuu
hinfudhatin dura fayyinni akka dursu dha.

B/ kennichi kan kennamu akka fedha Hafuura qulqulluutti malee filannoo namaatiin akka
hintaane dha.

C/ Kennaan waaqa irraa kun kennaa dha malee yaalii fi tattaafii namni tokko agarsiisuun kan
kennamu miti.

D/ Kennaan ayyaanaa kan kenname dhagna kiristoos kanta’an cimsuu fi ijaaruuf kan
kennameedha malee bu’aa dhuunfaatiif kan kennamu miti.

1.2. Akeeka kennawaan ayyaanaa

A/ Dhangna Kiristoos ishee taate waldaa kiristiyaana cimsuu fi jabeessuuf

64

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Kennaan waaqayyoo hundinuu kan namatti toluu fi amala isaa kan calaqisu yammuu ta’u, amalli
kunis jabeessuu, ijaaaruu fi suphuu dha. Kanaaf akeeka waaqayyoo kana yoo hubanee fi yoo
beekne kennaa nuuf kennameen yammuu tajaajillu, doggogoraa hojjechu fi waldaa kiristiyaanaaf
rakkina ta’uu irraa ofeeganna. ( 1Qor 14:3-5, 12,26, 2Qor 13:10, Efe 4:12,16,29)

B/ Yesuusiif Ulfina kenna

Gooftaan Yesuus Hafuura qulqulluun yammuu dhufuu hojii inni hojjechuuf jiru yammuu
dubbatte “ Hafuurri dhugaa sun yammuu dhufu…… ulfina anaaf kenna jedha” akkeekni
kenootiin ayyaanaa kennamaniif inni guddaan yessuusif ulfina kennuu fi ololqabuuf. Kennootiin
ayyaanaa waldaa tokko keessatti yammuu hojjetan waa’ee eenyummaa kiristoos mul’inatti
namatti agarsiisuudhaan amantoonni sun kallattii garaagaraatiin gooftaa Yesuusiif ulfina akka
kennaan godha. (2Mot 5:14-17, Luq 7:15-16, H.erg 3:2-9,1Qor 14:25)

C/ Waldaa Kiristiyaanaa gara guutummaa fi tokkummaa kiristoosin ga’uuf

Ergamichi Phaawuloos ergaa isaa gara warra Efesonitti barreesse 4:11-13 keessatti kennaa
tajaajilaa erga ibsee boodaa, waldaan Kiristiyaana tajaajila kana irraa eebba isheen argatu akka
kanatti ibsa: kennawaan kan kennamaniif dhagna kiristoos ishee taate waldaa kiristiyaanaa
cimsuudhaaf, amantoota tajaajila kiristiyaanummaaf qopheesuudha. Akkaasumaas immo ilma
waaqayyo isa ta’e beekudhaan tokkummaa amantii keessaa argamu sana bira geenyee kiristoos
guutuu akka ta’e nus nama guutuu akka taanuuf. Kan biraan immoo kennawan kanaan
waaqayyoon akkataa addaatiin caalchifnee hubanna. Efe.1:17.

D/ Karaa kennawaan ayyaanaa namootni gara mootummaa waaqayyootti bayinaan akka


galan godha.

Waldaan kirstiyaanaa isheen jalqabaa lakkobsaan kan isheen baayyachuu dandeesseef kennoota
ayyaanaatiin kan hidhatte waan taateef. (H.erg 2:41, 3:6,6:8, 8:5-8, 13:1, 14:1-2)

E/ Waldaa kiristiyaanaa deebi’ee dhufuu Gooftaaf qopheessuu.

Efe.5:26-27 irratti Phaawulos akka jedhutti, waldaa kiristiyaanaa qulqulluudhaa fi mudaa malee
godhee guyyaa gooftaaf qopheessuu ture. Akkasumas kennootni ayyaanaa waldaa kiristiyaanaa
dhufaatii gooftaaf qopheessaa. (1Qor 1:7; 1Phex 4:7-10)

65

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

F/ Rakkoo qulqullootaa furuu fi fedha waaqayyoo hubachiisuudhaaf.

Qulqullootni bara biyyalafaa kana irraa jiraatan wantoota jireenya isaanii qunnamaniif furmaata
kennuudha. Fknf, kennaa fayyinaa, hafuurota gargaarbaasuu, rajiidhaa fi kennawan garaagaraa
kiristoos dhagna isaa kununsuu, eeguu fi rakkoo qaamaa isaan qaban furuuf kan kennameedha.
(Marq.5:29, Yoh 5:5-9; 9: 1-7, H.er 3:1-7; 8:5-8). Kan biraan immoo jireenya keenyaa fi tajaajila
keenyaatti jaalala waaqayyoo isa dhugaa akka beeknuuf. Hojii ergamootaa sirriitti yoo hubatne
tne tajaajila ergamootaa keessatti hafuurri qulqulluun fedha waaqayyoo mul’isuu keessatti iddoo
guddaa qabaachaa ture. ( H.erg 10:9-16, 13:1-3, 16:9-10; 18:9-10). Akkasumas tokkoon tokko
amanaa karaa kennaa ayyaanaa fedha waaqayyoo dhuunfaati beekuu danda’a.

G/ Waldaa kiristiyaanaa qulqulleessuu, qajeelchuu fi gara qalbii diddiranaattii geessuuf.

Waldaa kiristiyaanaa tokko keessattii kennawaan ayyaanaa sirritti yamuu hojjetu waldattiin sun
akka fedha waaqayyootti kan adeemtuu fi akkaataa jireenya toora biyya lafaa kanaa addaan
baatee jireenya isa waaqarra kan ibsitu taati.(H.erg 5:1-13; 8:9-24; 16:16-18,Mul.2:2)

Boqonnaa 2: Goosa Kennawan Ayyaana

Yeroo baayy’ee kan dhageenyuu fi kan barannu kennawaan ayyaanaa 9 akka ta’aniidha, isaanis
1Qor 12:4-11 keessatti argamu. Kun sirrii ta’ee utuu jiruu Efe 4:11 irratti Phaawuloos kan ibse
kennawan tajaajila warra jedhaman yammuu itti daballu Rom 12:6-8 kan kennaman akkasumas
immoo wangeelota kessatti Yesuus jireenya qofaa jiraachuu (Mat 19:10-12) kan dubbatte
dabalatee bayyinaan 23 ga’a.

2:1. Kennaa Tajaajilaa/Hojii)

2.1 Gosa Tajajilaa

Kennaa ayyaanaa qofa utuu hinta’in namootins tajaajila waldaa kiristiyaanaaf


kennamaniiru.Tajaajila waldaa kiristiyaanaaf namootni kennaman Ergamoota, Raajota, Abbaa
wangeelaa, Eegdotaa fi Barsiisota.

66

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.1.1. Ergamoota.

Jechu ergamoota jedhu kun “ Shaalah” kanjedhu Afaan Ibirayisxii fi “Apostolos “ kan jedhu
afaan Girikii irraa kan madde yammuu ta’u, hiikaan isaa “ kan ergame Ykn Ergamaa jechuu dha.
Ergamaan isa isa ergee( Yesuusin) kan filatame waan ta’eef aboo fudhatee ajaja abbaa ergaa
Sanaa rawachuuf kan deemu dha.

 Ergamootni wangeela lallabuuf kan waamamaniidha.( H.Erg 8:25, Rom 1:1-2)


 Ergamootni warra Hafuura qulqulluun waan dhoksaa isaanitti mul’isuudha.(H.er 5:3-9)
 Ergamootni hojjetoota Kiristoosii fi warra dhoksaa hojii waaqayyoo adeemsisaniidha.
( 1Qor 4:1)
 Hafuuraa qulqulluun waamamanii addaan baafamanii kan ergamaniidha.( H.er 13:2-3)
 Ergamootni bakka wangeelli hinga’in hundumaa deemanii wangeela lallabuun waldaa
kirstiyaanaa warra dhaabanii fi walittiqabaniidha.(H.er 13:2-9), 1Qor 3:10)

2.1.1.1. Kakuu Haaraaa keessa Ergamoota garaagaraatu jiru, isanis:

A/ Ergamoota Holichaa(kudhalamaan)

Ergamootni Yesuusin filataman warri kudhalamaanii Maatiyaas isa bakka Yihudaa bu’e
dabalatee ergamoota holichaa jedhamanii beekamu.( Mat.10:1, Marq 3:13-15,H.er 1:13,26),

Filatamuu ergamoota holichaa yammuu ilaallu:

 Yesuus Kiristoosin kan filatamaniidha. (Mat.10:1-5,Marq 3:13,Luq 6:13,Rom


1:1)
 Du’aa ka’uu isaa fi olba’uu isaa kan arganii fi kallatiidhaan ergam Yesuus irraa
kan fudhataniidha.( Luq.1:1-4, H.er 1:21-26, 5:32, 1Qor 9:1-2, 15:8,Gal 1:1)
 Sagalee isaa hafuura qulqulluun geggeeffamanii barreessuu.( 2Qor 13:3,1Tas
2:13,2Xim3:16,2Pex 1:21; 3:2)
 Tajaajilli isaanii dinqii hojjechuu qaba.( Mat 10:1, Luq.9:6,H.er 5:12, 2Qor:
12:12)
 Bu’uura warra ka’anii dha.( H.er 2:42; Efe 2:20, Mul,21:13-14)
 Dhufaatii isaa isa lammaffaatti tessoo isa 12 irra kan ta’an isaan( Mul 21:12-14)

67

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Phawulosinis Yammuu ilaaluu ulaagaa kana olitti barreeffame nama guutuudha. Yesuus
Kiristoosin kan filatamaeedha. ( Rom 1:1, 1Qor 1:1; 15:8-11; Gal 1:15-16); du’aa ka’uu boodaa
Yesuusin qamaan argeera. H.er 9:1-5, 1Qor 15:8; Gooftaa irraa nama barate ture.( Gal.1:11-12),
ergamoota warra kaaniin waliqixa ture.(1Qor 15:1-11; Gal2:6-8)

B. Ergamoota Waldaa Kiristiyaanaa

Ergamoota warra kudhalamanii alatti bara waldaa kiristiyaanaa keessa eragamoota ta’anii
tajaajilaakanturan jiru. Fknf, Barnabaas sagalee waaqayyoo mul’ata adda ta’ee hiikanii barsiisaa
kanturan, kan gorsanii fi gara qajeelummaati nama kan deebisaan lallaboota turan.( H.er 13:1-3;
15:32; Efe 4:11-14).

Tajaajillii Raajotaa kakuu Haaraa keessatti kana fakaata.

A. Waan gara fuuladuraatti ta’uuf jiru mul’suu fi dubbachuu.( H.er 11:28)


B. Tajaajiltoota hojii waaqayyoof filuu fi adda baasuu(H.er 13:1-3)
C. Wangeela lallabuu fi qulqulloota hojii wangeelaaf kakaasuu ( efe.3:5)
D. Sagalee isaa barsiisuu, gorsuu, qulqulluunni jabatanii akka dhabatanii fi tajaajilaaf isaan
qopheessuu. Efe 4:12
E. Hameenya waldaa Kiristiyaanaa fi namoota keesse dhokatee jiru mul’isuu ( H.er 5:1-10)
F. Hafuura qulqulluun dursee ergaa dhuunfaa namootaatti dubbatee ture mul’isanii
jabeessuu
G. Waligalatti bu’aa dhagna Kiristoos kan ta’an ijaaruu fi jabeessuu dha. (1Qor14: 3)

2.1.2.3. Garaagaraummaa fi Tokkummaa Raajota Kakuu Moofaa fi Kakuu haaraa gidduu jiru.

Tokkummaa isaan qaban

A. Kakuu lamaanuu keessatti garaa tajaajilaatti kan isaan waamuu fi kennaa isaa kan kennuu
Waaqayyo.
B. Tajaajiltoonni kakuu lamanuu keessa jiraan ergaa isaanii kan isaan dabarsan human
Hafuura qulqulluutin.
C. Lamaanuu fakeenya mul’atuun ergaa isaanii dabarsaa turaniiru. (H.er 21:10)
D. Tajaajila lamanuu keessatti ergaan waaqayyo biraa gara isaanii dhufuu namoota kan
ijaaruu fi ulfina waaqayyoof kan fiduu ture.

68

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

E. Rajoonni kakuu Moofaa tajaajilli isaanii seera waaqayyoo kabachiisuuf ,bu’uurri


tajaajilla isaanii immoo seera akkuma ta’e, raajjonni kakuu haaraas sagalee waaqayyoof
ulfina kan kennan, bu’uurri tajaajila isaanii immoo sagalee waaqayyooti.
F. Kakuu lamaanuu keessa ittigaafatamummaan jira. Ergaan isaanii sagalee waaqayyootiin
qoramee ilaalama.

Garaagarummaa isaanii

A. Raajiin kakuu moofaa keessatti dubbatamee kitaabatti barreeffamee jira, rajiin kakuu
haaraa immoo bifa macaafaatin hinka’amne.
B. Raajonni kakuu Moofaa ergaa isaanii kallattiin kan dubbatan yammuu ta’u, rajoonni
kakuu haaraa immoo bifa adda addaattin ergaa waaqayyoo biraa fudhatan jecha ofii
isaaniitti fayyadamanii dubbatu.
C. Raajoonni kakuu moofaa “ waaqayyoo Gooftaan maccaa akkana Jedha “ isa jedhu yeroo
baay’ee kan ittifayyadaman yammuu ta’u, raajoonni kakuu haaraa immoo jecha kana
utuu fayyadamanii hinarginu.
D. Raajonni kakuu moofaa abboo waaqayyoo biraa isaaniif kenmname qabu, rajoonni kakuu
Haaraa immoo aboon isaanii daangeffamaa dha.H.er 14:4, 14), Andronikosi fi Yunyaas
( Rom 16: 7), Ephafrodixos ( Fil.2:25), Silas(1Tas:2:6)

C. Bara kana Ergamootni Jiruu?

Bara kana waaqayyoo waldaa kirstiyaanaaf ergamoota kan kennu yammuu ta’u, ergamootni jiru
jechuun garuu macaafa dabalataa barreessuu jechuu utuu hinta’in,ykn, akka warran 12n sanaatti
aboo qabu jechuu miti, garuu aboo sagalee waaqayyoo jala ta’aanii kan tajaajilaanii dha
jechuudha.

2.1.2. Raajota

2.1.2.1. Raajotaa fi Raajii Kakuu Moofaa keessatti

Kakuu moofaa keessatti Raajota jechuun, waaqayyo kan dubbatu dhag’ee, yaada isaa keesse kan
bule hubatee, mul’ata inni itti agarsiise argee, humnaa fi aboo Hafuura qulqulluutiin namootaati
akan dubbatu, bareffamaa fi fakeenya mul’atuun namootatti kan dubbataniidha.(S.Lak.12:6-
8,1Sam 3:20-21; Erm 1:5-7; Hiz 1:3; Ams 3:8; Mik 3:8), hata’u iyyuu malee namni kakuu

69

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

moofaa keessatti raajii dubbatu hundinuu raajii hinjedhamu.( S.Lak.11:25; 1Sam 10:10-11;
19:20-23)

Kakuu Moofaa keessatti tajaajilli Raajootaa

A. Jechoonni Raajota kakuu moofaa jechoota waaqayyooti.


Ergaa raajonni dabarsaa turan sagalee isa kan waaqayyooti. Yaada isaa qofa utuu
hinta’in jechuma isaanitu jecha waaqayyoti.(S.Ba’u 4:12; 24:3; S.Lak 22:38; S.Kes
18:18; 1Mot 17:1; Erm 1:9; Hiz2:7).
B. Raajonni kakuu moofaa ergamtoota Waaqayyooti.
Xiyyeeffannaan raajota kakuu moofaa ergaa waaqayyoo biraa fudhaan gara namootaatti
dabarsuu dha. 2Sam 12:25; 2Mot 20:4-6; Hag 1:13; Erm 28:9.
C. Jechi Raajota Kakuu Moofaa aboo waaqayyoon guutamaadha.
Dubbii raajota kakuu moofaa amanuu diduun ykn abboomamuu fi diduun Waaqayyoon
amanuu diduu fi abbomamuufi diduudha. S.Kes 18:18-19; 1Sam.8:7;15:3; 18:23; 2S.Bar
25:16; Ias 30:12:14; Erm 6:10-11,16-19)

2.1.2.2 Raajotaa fi Ergaa Raajii Kakuu Haaraa keessatti.

Kakuu moofaa keessatti raajii ( namni raaji dubbatu) jechuun; waaqayyo kan dubbatu dhag’ee,
yaada isaa keesse kan bule hubatee, mul’ata inni itti agarsiise argee, humnaa fi aboo Hafuura
qulqulluutiin warra dhaga’uuf bu’a akka ta’utti akka dubbi isaatti nama dubbatuudha. Kakuu
moofaa keessatti namni hundinuu raajii yoo ta’uudhaa baatee iyyuu namni kiristoositti amane
hundinuu raajii dubbachuu hindanad’a.raaji dubbate jechuun garruu namni sun raajiidha jechuu
miti.( H.er 2:17; 19:6; 1Qor 14:1,5; Efe 4:11. Kakuu haaraa kessatti waldaa kiristiyaanaa ittin
jabeessuudhaaf amantoonni hundinuu kennaa raajii dubbachuu akka argataniif injajjabeessa.
( Rom 12:6; 1Qor14:1-6, 20-33; 1Tas 5:20-21).

Dubbii raajota kakuu moofaa amanuu diduunifi abbomamuu diduun waaqayyon amanuu diduu fi
abbomamuu diduu fi akka ta’e argineerra , kakuu haaraan garuu akkana miti.( 1Qor 14:29-30)

D. Raajonni kakuu moofaa ga’ee geggeessummaa fi dhageettii akka qaban hubanna,


raajonni kakuu haaraa garuu ergaan isaanii sagalee waaqayyoon sakata’amu irra darbee
iyyuu barsiisaa fi geggeessaa waldaa kiristiyaanaa jalti eegama.

70

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.1.2.4. Madallii Raajota Sobaa fi Raajota Dhugaa ittin gargar ba’an

Kakuu haaraan raajota dhugaa fi roojonni sobaa akka jiraan mul’isee dubbata.( Mat.7:15, H.er
13:6,10; Mul.2:20). Kakuu haaraan rajoonni dhugaa fi raajonni sobaa qofti akka jiraan\
dubbachuu qofa utuu hinta’inn maaliin akka gargaarbaasuun akka danda’amus dablee barsiisa.
( H.er 17:11; 1Qor 14:29;1Tas 5: 19-21; 1Yoh 4:1). Kennaan hafuura gargaar baasu waldaa
kiristiyaanaaf kan kennameef sababii kanaaf.

Maadallii raajii dhugaa fi raajii sobaa gargaar baafachuuf nu gargaaran.

A. Namni sun kirstoosii fi barsiisa isaa irratti amantaa inni qabu adda baasuu.(1Qor12:3;
1Yoh 4:2-3)
B. Raajichi kennaa qabaachuu isaa adda baafachuu(Rom 12:6)
C. Jireenya nama raajii dubbatu Sanaa ilaaluu. Tajaajila isaanii qofa utuu hinta’in, jireenya
isaanii fi amala isaanii qorachuu barbaachisa. Tajaajilli kan jalqabu jireenya tajaajilaa
sanaa irraa waan ta’eef. ( Luq 24:9; 1Qor 4:16; 11:1; 1Xim 4:16)
D. Tajaajilli nama Sanaa sagalee waaqayyoo wajjin akka waliif galu sakata’uu.
Sagalee waaqayyoo wajjin kan waliif hingale tajaajilli kam iyyuu waaqayyoo biraa
nta’uu hindanda’u. tajaajilli raajota dhugaa; namoota kan jajjabeessu, kan ifatu, kan
ijaaru, cubbuu nama hubaachisee gara qalbii diddiranaatti kan deebisuu fi gara
waaqayyooti kan nama dhiyeessuudha. 1Qor 14:3; 12:25-26).
E. Ija tajaajila isaa ilaaluu.
Tajaajilli raajotaa saba sana keessatti bu’anni fide sakata’uu.( H.er 2:43; Mul 2:20-21)

2.1.2.5. Ija/ Firii gaarii tajaajila raajotaa

A. Tajaajila raajotaatin namootni baay’een gara goofta dhufaniiru.

B. Namootni hidhaa garagaraatti hiikamaniiru.

C. namootni dhukuba garagaraatii hikamaniiru.

D. namootni gaddan jajjabaataniiru, warri abdii kutatan abdii horataniiru.

E. karaa isaanii waaqayyo gara tajaajilatti namoota waameera.

71

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

F. namootni wanta dalga isanitti galetti daandii hiikaa argataniiru.

2.1.3. Warra Wangeela Lallaban

Abbaa wangeelaa inni jedhu kun jecha Girikii “ Evangelistis” kan jedhu irraa kan dhufe
yammuu ta’u, hiiki isaa “ Misiraachoo” ( Oduu gaarii) kan himu jechuudha. Tajaajilli kun
wladaa warra wangeelaa Itophiyaa keessatti kennaa baay’ee dagatamaa jiruu yammuu ta’uu,
macaafa qulqulluu keessatti garuu kennawaan warra kaanii wajjin waliqixxeetti kan ilaalalmuu fi
dhimmi kan baasuu akka ta’ee hubatna. Lallabni wangeelaa kennawan jiran keessa tokko
yammuu ta’u namni kennaa kana qabu misiraachoo nsagalee waaqayyoo karaa namaaf
hubatamuu danda’uun dubbachuun namoota gara kirstoositti kan fidu ergamaadha. ( H.er 21:8;
Efe 4:11).

Hojiin lallabaa wangeelaa bakka wangeelli hingeenyetti wangeela lallabuu dha. Filiphoos
lallabaa wangeelaa ture, Samaariyyatti wangeela lallabe, isa booda namicha jandarava sanatti
hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee utuun adeemuu argina.( H.er 8: 26-40). Kana irraa kan
barannuu lallabaan wangeelaa kan adeemuu dha malee iddoo tokko kan taa’uu miti. Nama tokko
lallabaa wangeelaa kan isa godhu kirstoosin lallabuu isaati. (H.er 8:5)
Kiristoos yammuu lallabamu:-

 Hafuuronni hamootni bakka jiranii iyyanii ba’u. (H.er.8:7)


 Kan hokolanii fi kan naafatan infayyu ( H.er.8:7)
 Namootni gara mootummaa waaqayyooti dabalamu ( H.er 8:12)
 Nagaa fi gammachuutu namootaaf ta’a( H.er 8:8)

2.1.3.1. Ergaa Nama Wangeela Lallabuu

Ergaa guddaa nama wangeela lallabuu ta’uu kan qabu kiristoos Iyyesusitti amanuudhaan
dhiifama cubbuu argamuudha. Wangeelli oduu gaarii waa’ee kiristoosii fi karaa isaa fayyina
argamu labsamuu dha.Hojiin fayyinaa karaa kiristoos yesuus fannoo irratti raawwatameera.
Ergaan labsichaa inni guddaan hojii fannoo irratti hojjetame kanaa dha.( H.er.2: 38; 5:30-31;
10:43; 13:38). Du’uu fi du’aa ka’uun Yesuus hadhuura wangeelaati. (Rom 1:1-4) 1Qor 15:1-4),
namootni wantoonni garagaraa itti lallabamee gara gooftaa dhiufan waan sana gaafa dhaban gara

72

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

iddoo dhufaniiti deebi’u.kanaaf ergaan nama wangeela lallabuu ta’uu kan qabu waa’ee dubbii
fannoo isaa fi isa fannifame Kiristoos qofa.1Qor 1:23)

2.1.4. Soortota /Tiksoota/

Tiksee jechi jedhu ‘payoman’kan jedhu afaan Girikii irraa kan dhufe yammuu nta’uu hiikaan
isaa karra waqqayyoo kan eeguu fi kan kununsu jechuu dha. Tikee / eegduu jechuun, kan eegu,
kan barsiisu, kan kununsu, soortuu dhaa fi geggeessaa jechuudha, (Yoh. 21:15-17)

Tikseen karaa hundumaan geggeeffamuu, mutrii kennuu fi muuduun waldaa kristiyanaa sirnaan
geggeessuuf ittigafatama qaba.

Tajaajila Eegduu/ Tiksee ilalchisee itigaafatama bu’ura qabeessa afurtu jira.

A. Kununsuu( Carying)
Tikseen amantoota gidduudhaa warra dadhaban injajjabeessa, warra abdii kutatan abdiin
isaanii akka haareffamuuf hojjeta, karra sana keessaa warra kan dhukubsatan, kan cabanii
fi kan miidhaman yoo jiratan hojii wallanuu fi fayyisuu hojjeta. Haala waldaan
amantootaa sun irra jiru beekee barsiisa isaaniif ta;uu qopheesse barsiisaa, gorsa kennaa,
inifataa, inadaba. Yoh.21: 15-17; H.er 20: 28; Gal 6:1-5; 1Pex 5:2; Yai 5:14-20).
B. Kallatti agarsiisa ( Guiding).
Tiksee waaqayyoo biraa mul’ata fudhata; kallattii fudhatee sana immoo sabichatti
beeksisa. Beeksisuu qofa immoo utuu hinta’in durabu’aa ta’uudhaan saba Sanaa wajjin
galama akka ga’u godha.( 1Tas 2: 11-12; Ib 13:17).
C. Geggeessuu( Leading)
Tikseen waan hundumaan dura bu’aa ta’ee waan gaarii hojjechuudhaan karra sanaaf
fakeenye godhee kan ofagarsiisuu. Ittdabalees immo dubbiidhaan, qulqullummaadhaan,
akkataa jireenyaan, jaalalaan fakeenya ta’uu qaba. Karaa sana bakka ittinga’uu barbaadu
sana sirriiti beekee akka sagalee isaatti geeggeessuu qaba. (1Xim 4:11-12; Tit 2:7-8).
D. Golguu( protecting)
Tikseen/ Eegduun bineessota butatan irraa kara sana eega. Tikseen amantoota barsiisa
sobaa irraa eega. Tikseen balaan tokko yammuu muddachuuf jedhu dursee ilaalaa,
tarkanfii barbaachisaa ta’ees infudhata.Tit 1:5-9

73

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.1.5. Barsisota

Barsiisaa jechi jedhu jecha Girikii ‘Didasko’jedhamu irraa kan madde yammuu ta’u, hiikaan
isaas qajelfama kennuu jechuu dha. Kennaan barsiisuu warra kaan akka hubachuu danda;anitti
gadifageenyaan ergaa wangeelaa kan dabrsu fi amantoonni dubbii waaqayyotti akka gudatan kan
godhuudha. Barsiisaan dubbii waaqayyoof kandhaabbatau ta’ee barsiisota sobduu birraa isa
dhufun dhaabbatee dursee kan ittin qabu dha.(Rom 12:6-7, 1Qor 12:28).

Barsiisaa jechuun:-

 Tajaajila Barsiisaa kenna( 1Xim 4:11-12; 6:3)


 Karraa isaa barsiisa sobaa irraa eega( Tit 1:9)
 Barsiisa sirri ta’een amantoota jabeessa(1Qor 3:6-10)
 Barumsa rakkisoo ta’an amantoonni akka hubachuu danda’anitti kan
dhiyeessuudha(2Pex. 3:15-16)

2.2. Kennaa Mul’ataa ( Beeku)

Kennaan mul’ataa qaamota miiraan alatti gargaarasa hafuura qulqulluutiin wanta nama jalaa
badee fi dhokate mul’isuudhaan bu’aa dhaqna isaa ijaaruuf kan kennamaniidha.

2.2.1. Sagalee Ogummaa

Kennaan kun dhaqna kirstoos keessa warra jiraatan haalotaa fi rakinoota tokko tokko sagalee
Hafuura qulqulluu dhaga’uun furmaata fi qajeelfama kan ittin fidan kennaa dha. 1Qor.12:8,
Ya’i1:5; 2Pex 3:15.

Ogummaa Dubbachuu

 Rakkina garagaraa jalaa ba’uuf kan nama dandeessisu ifaa fi qajelfama kenna.( S.Um
6:13-20; 41:28)
 Yeroo rakkinaa fi qoramsaati mormitoota duratti dubbacuuf humna kenna.( Mat 22:21;
Luq 21:14-15; H.er 6:10)
 Murtii qajeelaa kennuuf, waan walxaxaa hiikuudhaaf, isa bade deebisuudhaaf, nama
fayyisuudhaa fi cubbamaa deebisuudhaaf kenna.( 2Sam 12:1-15; 1Mot 3:11-28;Yoh 8:1-
12; H.er 6:3)

74

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.2.2. Beekumsa Dubbachuu

Kennaan kun waa’ee wanta tokkoo ykn waa’ee nama dhunfaa tokko dhugaa waaqayyo qoft
beeku gargaarsa hafuura qulqulluutiin beekuu yammuu ta’u, isa dhokate gara ifaati baasuu
qajeelfama kan kennu, rakkina hiikuuf kallatti kan agarsiisuu dandeessisu kenna hafuura
qulqulluuti.( 1Qor 12:8).

Beekuma dubbachuun:-

 Dhoksaatti wanta mariyatame akeeka diinaa bakkeetti baasee diiguu dandeessisa.(2Mot


6:9-12).
 Yeroo wangeela dhugaab’uu gaaffii keessa namootaa deebisuun namootni gara Gootaati
fiduuf dhimma gargaara. (Yoh.3:1-3; 4:1-19; 5:6)
 Cubbuu mul’isuudhaan, qulqullummaa fi Waaqayyoon sodaachuun akka dhufu godha.
( 2Mot 5:26 ; H.er 5:1-11; 8:23).
 Qajeelfama fudhachuu dandeessisa.( 1sam 10:22; Mar 14:13-15; H.erg 9:11-17)

2.2.3. Hafuurota gargar baasuu

Kennaan ku waaqayyo biraa kan kennamu yammuu ta’u, waaqayyoo biraati kan jedhaman hojii
hafuurota hamootaa waaqayyoo biraa, foon biraa yookaan immoo seexana biraa ta’uu isaanii
adda baasuu kan dandeessisu kennaa dha. Kennaan kun mana waaqayyoo keessatti namusi
hafuuraa akka eegamuu godha.( H.erg 16:16-18; 1Qor 12:10; 1Yoh 4:1).

Kennaa kanaan:-

 Hafuurota hamoota adda baafanna( Mar 9:25)


 Tajaajiltoota hafuurota hamootaa warra ta’an ifa baasuun namoota bilisa baafna.(Mat
16:23; H.erg 8:18-24; 16:17-18)
 Hajii wangeelaa hojjechuuf gufuu kan ta’an hafuurota hamoota rukunna.( H.er 13:8-10)
 Dhukuboota hafuurata hamaa biraa ta’ani fi hinta’in gargaar baafna(Mat 12:22; Luq 6:18)
 Barsiisa dogoggoraa addaan baafna. ( 1Xim 4:1-3, 2Pex 2:1-3)
 Dinqiwaan ta’an sobaa fi dhugaa isaa addaan baafanna( 2Tas 2:8-10)
 Ergawaan sabaaf darban burqaan isaanii eessaa akka ta’an addaan baafana1Qor 14:29)

75

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.2.4. Kennaan Mul’ataa ( beekuu) attamitti gara namaa dhufuu?

Kennaan mul’ataa kun karaa garaagaraatiin gara namaa dhufu. Hunduma isaa bareeffama
gababduu kana keessatti dubbanee xumuruun ulfaataa dha.Sababii kanaaf muraa isaa
ilaalla.Karaa garagaraatiin ergaa isaa fudhachuu dandeenya.Fknf, mul’ataan ergaa isaa garaa
namaa keessatti dhangalaasuun, garaa namaa keessatti sagalee dhageessisuun, abbaan ergicha
fudhatu qofti mallattonni hubachuu kandanda’un ergamaan waaqayyoo itti mul’isa.

2.3. Kennawan Humnaa

Kennootni kun, kennaa amantii, kennaa fayyisuu, kennaa dinqii garagaraa hojjechuu ofkeessatti
hammata.

2.3.1. Kennaa Amantii

Kennaan kun waaqayyo biraa kan kennamu yammu ta’u, fedhaa fi akeeka waaqayyoo
hubachuun, wanta nama kan biraatti ulfaate ija amantiin ilaalee waaqayyo indanda’a jedhee
amantii hojii irra humna oolchuudha.( H.erg 11:22-24; 27:21-25; 1Qor 12:9; Ib.11).

Kennaa Amantiin:-

 Waaqayyo qofaatti irkannee jiraachuu dandeenya. ( 1Mot 17:1-16: Ib 10:38)


 Balaa adda addaa irraa eegamna.(Dan 3:1-30; 6:1-28; H.er 28:1-6; Ib.11:34)
 Wanta hindanda’amne gochuu dandeenya.( A.fir 7:15-231Sam17:45-49)
 Abdii nuuf kenname harkaan qabanna. S.um 21:5; Rom 4:20; Ib 11:11)
 Dhukubaa fi rakkina garaagaraa irra bilisa baanaa.( Mat 8:5-10; 9:22; H.er 14:9)

2.3.2. Kenna Dinqii hojjechuu

Kennaan kun namoota qaama kiristoos ta’an tokko tokkoof kankennamu yammuu ta’u, karaa
kennaa kanaaa waaqayyoo seera umamaa irra darbuun hojii dinqisiisaa kan ittin hojjetuudha.
Iyas 10:12-13, Mark 4:35-41; Yoh 2:1-11; 6:1-15; 1Qor 12:9)

Kennaa dinqii gochuu kanaan:-

 Hojii seexanaa diigee waaqayyoo saba isaa garbummaa jalaa bilisa baasa. S.Ba’u 7:12;
H.er 12:1-11

76

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Mo’uu Yesuusii fi ulfina isaa mul’isa. 1Mot 17-19; Yoh 2:1-11; 11:40; H.er 3:1-10.
 Namootni baayinaan gara mootummaa Waaqayyoo dhufu.Yoh 7:31; 11:45; H.er 5:14-16;
9:42), kana irratti hubachuu kan qabnu dinqiin sababa godhame qofaaf namootni gara
fayyinaa dhufu jechuun dogogora. Namani dinqiin godhamee fi fayyina argachuu dhiisuu
danda’a. dabalees immoo dinqiin sobaa baay’een akka jiran beekuun barbaachisaa dha.
(Yoh.2: 23-25; 2Tas 2:9)
 Dandeetti namaan oli akkaataa ta’een nama fayyisa. Iya 10:12-13; H.erg 16:23-26

2.3.3. Kennaa Fayisuu

Kennaan fayyisuu kennaa hafuura qulqulluu yammuu ta’u waayyo namoota dhukuba
garagaraatin dhibaman fayyisuu dhaaf itti maayii ba’a. (1Qor 12:9,28)

Kennaa Fayyisuutiin:-

 Namootni dhukuba garaagaraa fi hidhaa seexanaatti hiikamu. Mat 8:2-3; Luq 4:40; H.erg
8:7; 28:7)
 Hergaan wangeelaa ni raawatama. (Marq 16:16-20)
 Namootni gara Mootummaa waaqayyo dhufu. (H,er 5:12-16; 9:42)
 Namootni waaqayyoof ulfina kennu. (Luq 18:43; H.er 11:18)

2.3.3.1. Dandiwan Kennaan Fayyinaa ittin darban.

 Harka nama irra kaa’uun. (Marq 6:5; Luq 4:40; H.er 28:8)
 Sagalee dubbachuudhaan. (Luq 4:38-39; Marq 7:32-35; H,er 3:6)
 Dibata dibuudhaan.( Marq 6:12-13; Ya’i 5:14-15)
 Geggeessaa hafuura qulqulluun Fkf, Biyyoo dibuudhaan ( Yoh 9:6-7)
 Uffata Yesuusii fi Phaawuloosin. Mat 14:34-36; Maq 5:21-29; H.er 19:11-12; Gaadidduu
Pheexiroosin. H.er 5:15-16)

2.3.3.2. Humna Maqaa Yesuus

Waqaa gaditti namani hundinuu akka ittin fayyuu danda’uf kan kenname maqaa Yesuusi.
( H.erg4:12). Yesuus waldaa kiristiyaanaaf qabeenya guddaa inni kenneef maqaa isaati, kanaaf
fayyinaa fis ta’e seexana baasuuf kan nuti fayyadamnu maqaa isaa qofa. Sababi isaa humna kan

77

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

qabu dibata sana ykn ufta sana utuu hinta’in maqaa Yesuusi. ( Marq 16:17; Luq 10:17; H.erg 3:6;
16:18). Waan goonu hundumaa maqaa yesuusin gochuu qabna.(Qol 3:17), fayyinaaf jedhanii
Bishaan Zayita(dibata), Shaamaa, suraaba, haftee ufta garagaraa, Footo fi wantoota harkatti
kawatan garaagaraa gurguruus ta’e bituun cubbuudha.(2Mot 5:1-27; Mat 10:8; H.er 8:9-24)

2.3.3.3. Dinqii fi Fayyina Yesuusii fi bartoota isaan hojjetaman.

Tajaajila Yesuus yammuu ilaallu lallabnii fi hojiin fayyisuu walfaana ta’aa ture, malee addada
akka isaan ta’an dagachuu hinqabnu.Dinqiwwaan Yesuus hojjechaa ture yoo ilaalle namoota
baay’ee wangeela mootummaa isaa wajjin walqabsiisuuf itti maayii ba’aa akka ture argina.
Wangeelli mootummaa isaa namoota gara waaqayyooti akka deebi’an kan godhuudha. Mat 4:23-
24; 9:35; Marq 1:21-28,39; 2:2-12; Luq 4:15,32-40)

Yesuus kiristoos dinqiidhaa fi fayyina garaagaraa kaninni godhee wangeela erga lallabee fi erga
barsiise booda ture.Yesuus lallaba wangeelaan alatti dinqiin hojjedha jedhee dinqiinni qofa
kanini hojjete inturre.(Mat 4:3; Yoh 18:36). Iddoo tokko tokkootti warra wangeela mootummaa
isaa amanuu didanii dinqii qofa akkani hojetuuf warra gaafataniif rawwatee hingoone.( Mat
12:38-39;Marq 6:5-6).

Harka ergamootaa irratti dinqii fi fayyinni yammuu ta’aa ture, dursa lallabaa fi barsiisa wangeela
mootummaa waaqayyotu lallabama ture, gara dhumaatti immoo namootni Gooftaati inamanu
turan, hafuurotni hamootni fi Xonqayoonni insalphatu turan, waaqayyo soda guddaadhaan ulfina
argata ture, namootni fayyana indabalamu. ( H.erg3:1-10, 5:1-11; 9:33-43; 13:7-12; 14:8-
15;16:16-18;Gal3:5; 1Qor 12:11; 2Qor 12:12; Ib.2:4)

2.3.3.4. Macaafa qulqulluu yammuu dubbifannuu namootni gara yesuusii fi gara ergamootaa
dhufan hundinuu yeroo isaan ittifayan tureera.( Marq 8:17; H.er 5:16; 28:7-10). Bakka biraatti
immoo namootni yertuun qofti yeroo isaan fayyan argina.( Mar 6:5; Yoh 5:1-14), kan infayines
turaniiru. (1Xim 5:23, 2xim 4:20); dhukubsatanii kan du’an turaniru. (2Mot 13:14-20).
Kanbiraanis kadhata biraa darbanii mana hakimii kan deeman turaniiru. Hakimifis ogummaa kan
kennu waaqayyoo dha. Bara kakuu moofaa keessaa jalqabee wantoota garaagaraa irraa qoricha
kan ta’u kan akka shittoo, zayita fi baala irraa walitti qabanii fayadamaa turan.( S,Um 50:2;
2S.Bara 16:12, Fak 26:20;Isay 1:6,38,21; Erm 8:22; Ezq 47:12). Kakuu haaraa keessatti namni
akka Luqaasfaa abbaa qorichaa turan.( Qol 4:14). Daadhii wayinii fi dibatni( Zayiti)

78

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

qorichummaaf akka fayyadaa turan beekamaadha. (Luq 10:34; 1Xim5:23).Waaqayyo karaa


qorichaa fi hakimotaas akka hojjetu amanamaadha.Kadhataanis erga fayyifamanii booda gara
mana yaalaa dhaqanii fayyuu isaanii ilaalamuu qabu.hakiimidhaan ilalamanii fayyuun isaanii
hamma beekamuuti qoricha isaanii dhaabuu hinqaban.

Akeekni bu’aa fayyina namaa akka macaafa qulqulluu keessatti barreeffamee jirutti “ sabni
hundinuu waaqayyoon asii fi achi adeemuun akka galateeffate argan…..”, hata’u iyyuu malee
sagalee isaa warri dhaga’an baay’een isaanii inamana, lakkobsi dhiirotaas akka kuma shanii
ta’an.( H.erg 3:9; 4:4), warri amananis kan duraa caalaa gooftaatti dabalamaa adeeman; dhiirotnii
fi durbootnis baay’ee turan. ( H.erg 5:14)- maqaan gooftaas ulfina argate, amananii kan turan
kessaa baay’een cubbuu isaanii himachaa indhufu turan… warra xonqayootaa keessaa baay’een
macaafa isaanii saba duratti gubanii deebia turan, akka kanatti sagaleen gooftaa humnaan
guddatee mo’aa ture. (H.er 19:17-20).

2.4. Kennawan Dubbachuu

Kennaa raajii dubbachuu, kennaa Afaan Haaraa dubbachuu fi afaan haaraa hiikuu jedhamanii
beekamu.

2.4,1 Afaan Haaraan Dubbachuu

Afaan haaraa dubbachuu jechuun amanan hafuura qulqulluun guutamee afaan hinbeeknee fi isaaf
hingalle tokkoon kan dubbatu yammuu ta’u, kennaan akkasii kun afaan ergamootaa fi afaan
namootaa hafuura qulqulluun geggeeffamanii dubbachuu dha. Kennaan kun kan hiikamuu fi kan
hinikamne jedhamee beekama. Kennaan inni hinikamne isa dubbatu san cimsuuf, waaqayyoon
eebbisuuf, waaqayyoo wajjin dhoksaa dubbachuuf beekumsa nama sanan oli akkataa ta’een
hafuurri qulqulluun nm asana kan dubbachiisu kenna hafuura qulqulluuti. Kanaf namni dubbatu
sun gabitti ofii isaa qofa akka ijaarutti utuu walga’ii sana hinjeeqin ittin kadhachuu qabab.

Afaan haaraa isa hiikamu yammuu ta’u immoo waldaa kiristiyaanaa ijaaruuf, gorsuu fi
dadamaqsuuf kennaa dubbatamu yammuu ta’u, walittiqabama sana hundumaa kan tajaajiluudha.
(1Qor 14:2-5; 26-29). Namni afaan haaraan kadhatau, isa kadhatu yoo sammuu isaan hinbeeku
ta’e illee dhimma hafuuraa waan ta’eef fayidaa akka waan hinqbneetti ilaalamuu hinqabu.
Sababii kanaafi Phaawuloos afaan haaraan dubbachuu hindhowinaa, garuu wanti hundinuu

79

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

toraan ta’uu qaba kaninni jedheef.(1Qor 14:39-40). Sababii kanaaf afaan haaraan dubbachuun
bu’aa hafuuraa guddaa waan qabuuf, hafaan haaraan kadhachuuf barbaaduu, Gooftaa gaafachuu
qabna.

Kennaan Afaan haaraa:-

 Amanaan tokko waaqayyo wajjin dhoksaa dubbata.( 1Qor 14:2)


 Nama dubbatu sana cimsa.(1Qor 14:4)
 Namani afaan haaraa dubbatu hafuuraan dubbata.(1Qor 14:14)
 Namani afaan haara dubbatu hiika isaa argachuuf kachuu qaba.(1Qor 14:13)

2.4.1.1. Kennaa Afaan Haara Hiikuu

Kennaan hiikuu kun afaan haaraa dubbachuu wajjin waduukaa adeema. Afaan haaraan isa
dubbatamee jecha namootaaf galuun hafuura qulqulluungeggeefamanii sabicha akka gargaarutti
ibsuufiidha. Afaan haaraan isa dubbatame sana kennaan hiikuu jecha jechaan hiikuu utuu
hinta’in ijoo ergaa sanaa qofa dhiyeessuu danda’a. (1Qor 14:26-27).

2.4.1.2. Afaan Haaraan attamitti kennamaa? ( Yoh 7:37-38)

 Dhuunfaa keenyatti yammuu kadhatnu afan haaraa dubbachuu dandeenya.


 Namootni kan biraan waa’ee keenya yammuu kadhatan bakka tokkummaa sanatti
dubbachuu dandeenya.( H,erg8:12-17); 9:17-18; 19:1-7)
 Hafuurri qulqulluun yeroo ofii isaatti yammuu nuuf kennu( H.erg 2:1-13; 10:44-48)

2.4.2. Raajii Dubbachuu

Raajii jechi jedhu jecha afaan Girikii “ Prophet” jedhamu irraa kan dhufe yammuu ta’u, hiikuun
isaas, nama kan biraa bakka bu’anii dubbachuu jechuudha, nama biraaf afaan ta’uu jechuu dha.

Raajiin waan yeroo sanakeessa jiruu fi gara fuuladuraatti waan ta’uuf jiru hafuura qulqulluun
geggeeffamanii dubbachuu jechuu dha.Raajii ta’uu fi raajii dubbachuun tokko miti.Raajiin iddoo
beekamaa (waajjira) isaaf kenname yammuu ta’u, warri raajii dubbatan garuu darbanii darbanii
akka isaaniif dhufetti warra dubbatanii dha. Raajii qofa dubbatanii kan dhiisan jiru. Isaan kun
raajii hinjedhaman.

80

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Kennaan Raajii maaliif kennamaa?

 Amantoota jajjabeessuuf, dadamqsuuf, gorsuuf, ijaaruuf kennama.( 1Qor 14:3)


 Warra hinamanani gara gooftaatti deebisuuf mallattoo ta’a( 1Qor 14:24-25)
 Wanta garafuulduraatti ta’uuf jiru mu’isuuf, wanta hinqaqabatamin mu’isuuf. Karaa kan
biraa haala amma irra jiran mul’isuudhan, ceepha’ee karaa agarsiisa.(Yoh.16:13,
H.erg11:28)
 Isa dhokataa bakkeetti baasee cubbamaan qalbii diddiratee gara waaqayyootti akka
deebi’uuf yaada waaqayoo fi akeeka isa hubachiisa.1Qor 14:24-26)
 Raajiin bara kakuu haaraa sagalee waaqayyootiin qoratamee ilaalamuu qabu.S.Kes
13:1-5; Erm 28:1-17; 1Qor 14:36-40). Raajii kamiin iyyuu utuu hinqorin fudhachuu
hinqabnu.( 1Tas 5:19-22).

Raajii ilaalchisee macaafa qulqulluun qajeelfama inni kenne

 Kennaa raajii dubbachuu akka barbaannuuf abbomamneeraa. 1Qor 14:1)


 Afaan haaraan hamma hinikamnitti, raajiitu gaarriidha. (1Qor 14:5)
 Amnantoonni hafuura qulqulluun guutamanii yerodhumasana raajii dubbachuu
nidanda’u.(H.erg 19:6)
 Kennaan raajii dubbachuu bakka sagalee waaqayyoo bu’uu hinqabu(1Qor 13:8; 1Pex
1:25; 4:112Pex 1:16-19).
 Raajiin kami iyyuu dubbii waaqayyootiin qoramee ilaalamuu qaba( S.Kes 13:1-4; Hiz
13:1-9; !Qor 14:29; 1Tas 5:20)
 Kennichi bu’aadhaqna Kiristoos hundumaaf waan kennameef sirritti namusaan
ittifayadamuu qabna.( 1Qor 14:29).

2.5. Kennaa Tajaajilaa kan biro

Olitti kancaqafneen alatti hafuura qulqulluun waldaa kristiyaanaatif kan kenne kennotni jiru.

2.5.1. Gorsuu

Kennaan gorsaa amnatoota tokko tokkoof waaqayyo biraa kan kennamuuf yammuu ta’u,
namoota rakina garagaraa keessa jiraatan jajjabeessuuf, yaada furmaata kennuuf, haraa’umsa
fiduu kan danda’u kennaa hafuuraati.

81

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.5.2. Kennuu

Namni kennaa kaana qabu warra kaan irraa akkataa addaan ba’ee hojii mana waaqayyootiif
kennu isaan beekama.Kurnaffaa isaaniin alatti hojii mana waaqayyootiif, hojii gaarii ta’e
hundumaaf waan qaban kennu. 9H.erg 9:36; 1Qor 12:28)

2.5.3. Bulchuu

Kennaa kana namootni qaban akeeka waaqayyo waldaa kiristiyaaaf qabuu isa yeroo dheeraa fi
isa yeroo gabaaba hubatanii akkeeka isaa sana bakkaan ga’uuf sagantaa baasanii kan
geggeessanii dha. (Rom 12 :81Qor 12:28)

2.5.4. Araara gochuu

Kennaan kun dhukuba dhaqnaa warra qaban, dhukuba sammuu, fi warra ofii isanii gargaaruu
hindandeenye fi walumagalatti rakinna jala warra jiran namootatti araara agarsiisuun rakko
isaanii keessaa akka ba’aniif gargaaruu dha.( Luq 10:33-35; H.erg16:33-34; Rom12:8)

2.5.5. Gargaaruu

Kennaan kun waaqayyoo biraa dandeettti namaaf kennamu yammu ta’u, ogummaa, beekumsaa,
qabeenya kiristoos irraa argatanitti fayyadamanii warra bu’a dhqna kiristoos ta’aniif akkataa
adda ta’een kennaa isaanii waan gaarii irra akka oolchaniif gargaaruudha.(1Qor 12:28)

2.5.6. Utuu hinfuudhin /hineerumin hafuu

Kennaan kun namoota tokko tokkoof kan kennamu yammuu ta’u, qofaa jiraachuu isaaniin kan
hinqoramnee fi kan ittigamandan, qoramsa fooniitti utuu gadi of hindhiisin akka isaan hiraatan
isaan godha. Mat 19:10-12; 1Qor 7:7-8)

2.5.7. Fedha ofiin ofhiyoomsuu

Kennaan kun namoota bu’aa dhaqna kiristoos ta’aniif kan kennamu yammuu ta’uu. Gammachuu
biyyaa lafaa kanatti gammadanii jiraachuu irraa iyyeessa ta’anii waaqayyoon tajaajilanii
jiraachuu ayyaana kan qabaniidha.1Qor 13:1-32Qor 6:12)

82

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.6. Tajaajilaa fi ergawaan madaaluu

Kanatti fufee kan jiru maadaalli ittin kennaa kam iyyuu madaaluu dandeenyuudha.

 Tajaajilli hafuura qulqulluutiin kennamu, Yesuusif ulfina kenna(Yoh 15:26; 16:14:H.er


3:11-16; 10:25-26; 14:8-151Qor 12:3; Mul’19:10).
 Sagalee waaqayyoo wajjin kan waliif galuudha.S.Kes 13:1-4; 1Pex 4:11; 2Pex 1:19
 Waldaa kiristiyaanaa kan ijaaruu fi jaabeessuu dha malee kan diiguu fi miidhu miti. Fak
6:16-19; Yoh 17:20-21; Rom 16:17-18; 1Qor 1:10; 14:3; 12:26; 2Qor 10:8; 13:10;Efe
4:29.
 Bu’aa waldaa kiristiyaanaa warra ta’aan birmaduu baasa malee garbummaa fi soda jala
akka isaan jiraatan hingodhu. Gal 2:4; 5:1; 1Xim 4:1-3
 Dhugab’umsa waldaa Kiristiyaanaa qabaata. Rom 8:16; 1Yoh 2:26-27.
 Hundumaa raawwata. S.kes 18:21-22; Isay 55:10-13; H.erg 11:28. Egwan tokko tokko
garuu haalduree kan gaafatan jiru, fkf; yoo kana gootan; yoo kan hingootan ta’e
jechuudhaan wantoonni nurraa eegaman jiraachuu dnada’u. S.Kes 28:1-2
 Maqaa yesuus kiristoosin ta’uu qaba. Marq 16:17; Luq 10:17; H.er 3:6; 16:18; Fil 2:9-
11.
 Ijaa hafuuraa qaba. Mat 7: 16-20; H.er 4:4; 5:4 16:5;19:17-20)

Boqonnaa 3: Kennaa ofii beekuu fi guddifachuu

Amanaan tokko kennaa ayyaanaa isaaf kenname jabeefachuu fi guddifachuuf dursee kennaa isaa
addaan baafachuu qaba

3.1. Barbaachisummaa kennaa beekuu

Amanaan tokko kennaa ofii isaa beeuun ofii isaafis ta’e waldaa kiristiyaanaaf bu’aan isaa
guddaadha. Isaanis akka kanaagaditti argamu,

 Waldaa kiristiyanaa tokko keessa amantoonni jiraan kennaa isaanii siritti beekanii
yammuu bobba’an waldaa kiristiyaanaa keessatti sirritti hojjetamuu isaa irra darbee iyyuu
hundinuu irnaaf namuusaan ta’a.
 Jabina jireenya keenyaaf kennu qofa utuu hinta’in tajaajila keenyatti bu’a qabeeyii taana.
 Waaqayyotu ulfina argata.

83

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3. 2. Hafuura qulqulluun akka fedha isaatti namootaaf kennaa kan hiru waaqa. Amanaan
tokko lammaffaa dhalatee Hafuura qulqulluun yammuu cuphamu duukaa isaa kennaa hafuura
qulqulluu fudhata

3.3. Kennaakoo attaminan beekuu danda’aa/

Kennaa keenya kan ittin beeknu wantoonni baay’een yoo jiraatan ille murasa kan ta’an ilaalla.

1. Jalqaba irratti kenawaan Hafuuraa jiraan fi amala isaanii sirritti tokko tokkon addaan baasee
beekuu qaba. Kenna beekuun amanaan sun kennaa isa keessa bule addabaafachuu indand’a.

2. Taajaajila tajaajilleen bu’a qabeessaa yammuu taanu. Kennaa waaqayyoo biraa nuuf
kennameen gaafa tajaajillu ija godhanna.

3. Dhugaba’umsa namoota waaqayyootiin.

4. Waa’ee kennaa sanaaf ba’aa nutty dhaga’muu fi kennaa sanaa wajjin tajaajila biro nuti
tajaajiluuf fedha qabnuun.

5. Kennaa Mul’ataa namoota qabanin addaan baafacuu dandeenya.

6. Somaaf sagadaan fuula waaqayyoo dura turree gaafachuudhaan.

3. 4. Kennaa keenya guddifachuuf wantoota nugargaaran yaada nugargaaran.

 Hundee tajaajila isa isa ta’e sagalee waaqayyoo irratti xiyyeffannaa isa duraa kennuu
qaba.sagaleen waaqayyoo shakala keenya hundumaa kan miijanuudha.
 Namni kennaa qabuu kennaa isaa sanatti xiyyeffannaa kenna utuu hinta’in
walittidhufeenya Gooftaa wajjin qabaachuun barbaachisaa dha. Tajaajilli keenya jireenya
keenya dursuu hinqabu. Kadhataaf iddoo olaanaa kennuu qabna.
 Shaakala kennaa hafuuraa keenya keessatti barsiisa mataakeenyaa uumachaa akka
hindeemneef eeggachuu qabna.
 Ittifayyadama kennaa hafuuraatti warra jalqabaa warri ta’an wantaa beekuun isaan irra
jiruu, kennaa isaanii akka gabbifataniif ittidhiyeenyaan kan barsiisuu fi kan gorsu
jiraachuu qaba.
 Kennaan kun kan kennameef waldaa kiristiyanaaf ta;uu isaa beekuu.

84

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Kennaan hafuura qulqulluu guddina jireenya keenyaa wajjin kan adeemuu ta;uu isaa
beekuu qabna.
 Yeroo tokko tokko jireenya keenya kreessatti kennaan jalqabame kan gargar citu
yommuu nuti tajaajiltoota biraa akkeessuu jalqabnuu dha.

3.5. Kennaa keenya fi Kaldaa Kiristiyaanaa

Dursinee beekuu kan qabnu ergamichi phaawuloos kennawan hafuuraa kakuu haaraa keessatti
iddo saditti barreesseera.( Rom 12:6-8; 1Qor 12:7-11; Efe 4:11). Waa’ee kennaa yammuu
dubbatu waa’ee dhagnaa fi waa’ee waldaa kiristiyaanaa wajjin walqabsiisee dubbata. Kanaaf
waa’ee guddi kennaa hafuuraa amanaa tokko yammuu dubbatnu guddina dhagnaa sanaa wajjin
walduuka ilaalla. Sababi isaa kennaan karaa nama dhuunfaa tokko yoo ta’e iyyuu tajaajilli isaa
kan waldaa kiristiyaanaatti, sirnaa fi geggeessaa waldaa kiristiyaanaa jalatti hojjeta waan ta’eef.

Inni kan biraan immoo sirna ittifayadama isaati. Ergamichi Phaawuloos waldaa warra
qoronxoosiif waa’ee sirna ittifayadama kennaa hafuuraa yammuu barreessuu barbaachisummaa
isaa argeeti.sababi isaa waaqayyo waaqa namuusaati.Waa’ee sirnaa yammuu dubbannu ilaalichi
garaagaraa lama akka jiru beekuun barbaachisaa dha.Inni tokkoffaan warra sirna waldaa isaanii
hafuura qulqulluu olitti ilaalaniidha.Sirna waldaa qofti waldaa keessatti lafa mul’atutti hafuura
qulqulluun akka garaatti hinojjetu.

Karaa biraa immoo hafuura qulqulluun akka waan naamusa hinbeeknetti gooliidhaa fi iyya
qofaan eebbi akka waan argamutti kan ilaalan jiru. Macaafni qulqulluun sagalee olfuudhanii
kadhachuun, faarfachuun akka jiru akkuma dubbatu, akkasumas immoo gabiitti tasgabbiidhaan
waaqayyo akka argamus nidubbata.Kanaaf lachanuu isaa ilaalcha keessa galchuun barbaachisaa
dha.Kan biraan inni barbaachisaan immoo dhagna kiristoos keessa warri jiran qaamonni biroon
ulfina argachuu akka qabaniidha.

85

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Boqonnaa 4 :- Kennaa Ayyaaanaa fi ittifayadama isaa akka qajeelafa


macaafa qulqulluutti.

 Kennaa ayyaanaa hafuura qulqulluutu akka fedhetti kenna waan ta’eef kennaa nuuf
keenameen oftuuluu hinqabnu, warra kaanii wajjinis raawanee walin morkachuu
hinqabnu.
 Akka ogummaa fi hubannaa hafuura qulqulluu biraa argannetti hundumaa tooraa fi
naamusaan fayyadamuu qabna.
 Tola isa fudhanne tola kennuu qabna.
 Kennaa nuuf kennameen qulqullummaa fi amanamummaan ittin hojjechuu qabna.
 Macaafa qulqulluun kennaan tajaajilaa jaalala ofkeessaa hinqabne gatii akka hinqabne
dubbata. Kanaaf karaa isa hundumaa irra wayyu jaalalaan tajjajiluu duukaa habuunu.
 Kennaadhaan fayadamuu dhiisuus ta’e kennaa bu’aa dhuunfaa ofiitiif olfachuun adaba
akka qabu beeknee keennaa keenyaan sirritti haojjennu.
 Amanaan hundinuu kennaa qaba. Namni kennaa hinqabne hinjiru.

Gaaffii keessa deebii kennota Hafuuraa fi ittifayyadama isaanii

Dhugaa ykn soba jedhii deebisi.

1. ____________bara kan keessaa ergamoota kan jedhaman hinjiran,

2.____________Ergaanii fi tajaajilli kammiyyuu sagalee waaayyootin qoratamuu qabu.

3.___________Infayisa jedhanii bishaan,Zayita, shaamaa, carqii, suuraa fi geexii harkaa


garagaraa gurguruun cubbuu dha.

4. __________Ergaan tajaajila lallabaa tokko Yessus kiristoositti amanuudhaan isa dhiifamni


cubbuu argamu ta’uu qaba.

5.__________Kennaan ayyaanaa kan mul’atu nama dhuunfaa keessaan yoota’e iyyuu, kennichi
waldaa kiristiyaanaaf sababa kennameef tooraa fi sirna waldaa keessatti eegamee kan
hojjetuudha.

86

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Walitti firoomsi

A B

____6. Kennawaan mul’ataa ykn beekuu A. Lallabaa wangelaa

____7. Kan Ergame ykn Ergamaa B. Barsiisaa

____8. “Disasko’ ykn ‘ Disaakaa’ C. Ogummaa dubbachuu

____9. Sagalee misiraachoo kan labsu D. Raajii

____10. Hoolota kan sooruu fi kununsu E Soortuu/Tiksee

F. Ergama

G. Dinqii hojjchu
Qubee isa deebii sirrii qabate filadhu.

11. Kennaa ayyaanaaf hiika sirrii kan kennu isa kami?

A. Umamaan kan namaaf kennamuudha

B. Waaqayyoo akka fedha isaatti kan namaaf kennu,waldaa kiristiyaanaa cimsuuf jabeesuuf kan
namaaf kennamuudha.

C. kennaan ayyaanaa Barumsaan kan argamuudha.

12. Raajota sobaa fi dhugaa ta’an kan ittin maadaluu isa kam?

A. Nami sun kennaa qabaachuu isaa qorachuu

B. Jireenya raajichaa ilaaluu

C. Tajaajila raajichaan eenytu ulfina argaachaa akka jiru qorachuu

D. Hunduu deebiidha.

13. Tajaajila raajota kakuu haaraa kan ibsu isa kami?

87

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

A. Raajii kan dubbatan qofa utuu hinta’in sagalee waaqayyoo akkataa addaan mul’isanii kan
barsiisan, kan gorsaniidha.

B. jechi isaanii jecha waaqayyooti

C. sagaleen isaanii aangoo waaqaummaa qaba.

D. Hunduu deebiidha,

14. Bu’uura tajaajila eegdotaa/Tiksee kan ta’e isa kami

A. Kununsuu

B. Karaa agarsiisuu

C. Geggeessuu

D. Hunduu deebiidha

15. Sagalee waaqayyoo dhaga’ee, waaqayyoo yaada keessa isaa kan bulche hubatee, mul’ata inni
iti agarsiise argee, abboo hafuura qulqulluutiin kan dubbatuu, kan barreessuu ykn hojii
fakeenyaatiin ergaa isaa kan dabarsu maal jedhamaa?

A. Ergamaa

B. Lallabaa wangeelaa

C. Raajii

D. Barsiisaa

16. Kennaa tajaajilaa kan hinta’in isa kami?

A. Ergamaa

B. raajii

C. Sooraa

D. Lallabaa wangeelaa

88

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

17. Akkaataa ittifayadamaa kennaa ayyaanaaf qajeelfamni macaafa qulqulluun kan ta’e isa kami?

A. Tola isa fudhanne tola kennuu

B. kennaa nuuf kennameen amanamummaa fi qulqullummaan tajaajiluu

C. amanaan kennaa hinqabne hinjiru.

D. Hunduu deebiidha.

18. Ergamoota Gooftaa kudha lamaan warra kaan irra adda kan isaan godhu maali?

A. Du’aa ka’uu isaa fi olba’uu isaa kan arganii fi kallatiidhaan ergama isa irraa kan fudhatan.

B. Sagalee isaa hafuura qulqulluun geggeeffamanii kan dubbatanii fi kan barreessan.

C. Warra bu’uura kaa’anii dha.

D. Hunduu deebii dha.

Gaafiilee harmaan gadiif deebii sirrii kennaa?

19. akeeka keenaan ayyanaa kennamuuf turban keessaa afuur ibsi

20. kennaan ayaanaa bu’a dhagna Kirstoos warra ta’an amanootaaf akka feedha isaatti kan
kennamu yammuu ta’u, akeekni isaa waldaa kiristiyaanaa cimsuu fi ijaaruuf. Hiika kanaa wajjin
akn walqabate hiika afur ibsi?

89

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Barumsa 4: Tajaajilaa fi Tajajila Isaa

Boqonnaa 1: Tajaajila

1.1. Hiikaa/maalummaa Tajaajilaa

Jechi tajaajila jedhu afaan Girikiitti hiikaa baa’yee qaba.Isaan keessaa, ‘Ovad’ Hojechuu,
‘Vatira’- hirmaannaa gochuu.‘Litorjiya’- sabaaf tajaajila kennuu ykn tajaajila lubummaa
kennuu.‘Juwaliya’ tajaajila garbichaa kennuu. ‘Latiriyu’ tajaajila biyya keessaa fi biyyoolessaa
kennuu kan jedhu hiika qabu.

1.2. Ibsa Tajaajilaa akka Macaafa Qulqulluutti

1.2.1. Ibsa Kakuu Moofaa

 Tajaajila jechuun waaqayyoof hojjechuu jechuudha.(S.Ba 8:8. Milk 3:14)


 Ergamaa gooftaa maccaa ta’uu jechuudha. Tajaajila kanaan Lubootaa fi Rajootatu
beekamoodha. (1Sam 29:9; Hage 1:13; Milk 2:7)
 Saba waaqayyoo wajjin walitti araarsuu, hojii lubummaa hojjechuu fi aarsaa dhiyeessu
dha. ( S.Ba 28:1-3; S’Kes 17:19)

1.2.2. Ibsa Kakuu Haaraa

 Namummaa ofii qulqulluu fi mudaa malee godhanii waaqayyoo aarsaa gochuu.(Rom


12:1)
 Wangeela lallabuu, barsiisuu, duuka buutuu gochuu, kana keessatti gaafii foonii fi
hafuuraa deebisuuf kadhachuun dha.( Mat 10:8;28:19-20; Marq 16:20; H,er 6:1-6)
 Akka waligalaatti kakuu haaraa keessatti tajaajila jechuun hojii waldaa kiristiyaanaa
kessaatti geggeeffamu raawachuu jechuudha. Tajaajila jechuun waaqayyo harkaa
fuudhanii namaaf dabarsuu jechuudha. Kunis jerenyyena keenya, yeroo, qabeenyaa
keenya arsaa gochuu ofkeessatti qabata. ( Mat28:28; Luq 8:3; H.er13:36; 1Qor 16:1-2;
1Pex 5:2)

90

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.3. Tajaajilaan Eeny?

1,3,1. Hiikaa Tajaajilaa

Tajaajilaa jechuun afaan Girikiitti hiikaa 3 qabaa

A/ Diakonos: Hojjetaa jechuudha( servant). Hojjetaa waaqayyoo fi hojjetaa namaa( Mat20:26-


28,Rome 15:15-16

B, Litergos:- Akka waligalattii fayyidaa namaa fi ulfina waaqayyoof jecha ummata kan tajaajilu
jechuudha.( Rom 13:4)

C. Duulos: Garbicha jechuudha,H,erg 4:29-30, Rom 1:1-2; 2Qor4:5; Gal 1:10; Qol.4:7; 2Xim
2:24)

Kanaaf tajaajilaaan bara jireenya isaa guutummaati ofkennee waaqayyoof kan hojjetu jechuudha.

1.3.2. Tajaajilaa akka bu’uura macaafa qulqulluutti

1.3.2.1. Kakuu Moofaa

 Isiraelotni hundinuu tajaajiltoota waqayyooti. S.Ba 19:5-6; S.Kes 7:6; Far 135:4
 Isiraeloti gidduudhaa immoo yeroo isaaniif humna isaanii guutummaatti kennanii
waaqayyoo fi mana qulqullummaa isaa tajaajiluuf kan filatamanii fi kan addaan ba’an
Lewoota.S.Ba 28:1,S.Kes 18:1,21:5
 Waaqayyoon filstsmsnii saba waaqayyoo bulchuuf kan mudaman Raajoota, Moototaa fi
geggeessitooni turaniiru.( A.Firdi4:4;1Sam 7:15;9:6; 16:1)

3.3.2.2.. Kakuu Haaraa

Tajaajila keessittti dursinee gaafachuu kan qabnu tajaajilli kakuu haaraa eenyfayiif kenname isa
jedhuudha. 1Pex 2:9. Mul 1:6 irratti akkuma dubbatutti, gooftaa yesuusitti amanuun lammaffaa
hafuura qulqulluutti kan dhalate hundinuu tajaajilaaf filatameera. Kakuu haaraa keessatti
tajaajilli lububummaa lewwota qofaaaf inni kenname, kakuu haaaraa keessatti garuu amantoonni
hundinuu luba..kun jechuun garuu waaqayyoo namoota muraasaa tajaajila addaatiif hinfilatu
jechuu miti. Tajaajila addaaf kan filataman tajaajila sagalee fi kadhatati yeroo hundumma kan
dhimman Ergamoota, Raajota, Tiksoota, lallaboota fi warra dubbi isaa barsiisan tajaajiltoota

91

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

kakuu haaraati.( Efe 4:11-13). Isaan kun Goofaa biraa warra waamichi addaa isaan
ga’eedha.Marq 1:16-20, H.erg 1:17;13:1-3); akasumas immoo warii aboo qaban tajaajiltoota
waaqayyyooti.( Rom 13:1-4)

1.4. Maaliif Tajaajillaa?

1.4.1. Abboommi Waaqayyoo waan ta’eef

Yesuus Kiristoosin Gooftaa jireenya isaa godhatee namni fudhate kam iyyuu tajaajiluuf carraas
ittigaafatamas qaba. Mat 28:16-20, Marq 1:6:-18; H.er 9:3-6,15; 1Qor 9:16)

1.4.2. Faana Yesuus duukaa bu’uudhaaf

Yesuus kiristoos gara biyya lafaa kan dhufeef ilmaan namaa tajaajiluuf waan ta’eef nutis immoo
karaa hundumaan isa fakkaachuu qabna.( Marq 10:45: 1Qor 11:1; 1Pex 2:20

1.4.3. Walii walii keenya jabeessuuf

Macaafni qulqulluun yammuu dubbatu tokkoon tokkoon\keenya bu’aa dhaqna kiristoos waan
taaneef, inni tokko isa tokko akka tajaajiluuf tajaajilli isa tokko isa kan biraaf bu’aa qaba. Rom
1:11-121Qor 12:14-25

1.4.4. Badhaasa waan qabuuf.

Kiristoositti gaafa amanu tokkoon tokkoon kenyaa kennaa ittin taajajillu arganeera. Kanaaf
hojiin keenya ibiddaan qoramee ilaalamee badhaasa akka argatu beeknee hojjechuu qabna2Xim
4:7-8

1.5. Eenuun tajaajillaa?

1.5.1. Kan nuti tajaajillu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosi

Kun jechuun gooftaan keenya Yesuus Kiristoos kan nutti kenne galafata isaa raawwanna. Rom
15:15-16; 1Qor 4:1; Qol 1:7; 3:24; 1Xim 4:6

92

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.5.2. Waldaa Kiristiyaanaa Tajaajilla.

Waldaa Kiristiyaanaa Yammuu jennu qaama Kiristoos waarra ta’an qulqulloota jechuu keenya.
H.er 20:28-30; 1Qor 12:28; Efe 4:11;Qol 1:25; 1Pex 5:1-5

Mantoonni hundinuu kennaa garagaraatiin waldaa kiristiyaanaa tajaajilu.

 Amantooni qaama waldaa kiristiyaanaati, bu’aan dhaqnaa tokkon tokkoon isaa qaama
sana keessatti hojii fi ergama mataa isaanii qabu.9 Rom 12:4-8; 1Qor 12:27-31)
 Hojii goosa garagaraa irratti bobba’anii biyya lafaa kana keessa hojjechaa kan jiraatan
Gooftaadhaaf hojjetu. Rom 13:4; tit 2:5,9-10; 1Xim 6:1-2.

1.6. Burqaa Tajaajilaa

Har’a namootni tajaajiluudhaa fi barqaa garaagaraa qabchuu dnadnda’u.hat’u iyyuu malee


macaafa qulqulluu irratti kan hundaa’e, waaqayyo aka ittin ulfaatu burqaan jira. Innis burqaan
tajaajila keenyaa:-

1.6.1. Sagalee Waaqayyo

Macaafa qulqulluun hundee burqa tajaajila keenyaatti.( M.Fak. 22:20-21, Hos 4:6; Mat 22:29;
H.erg 18:24. Nus akka tajaajilaatti sagalee waaqayyootin guutamuu qaban.( Qol 3:16). Gaafii
gaafatamnu hundumaatti deebii kennuuf qophaawoo ta’uu qabna.(1Pex 3:15)

1.6.2. Kadhata.

Kadhannaan tajaajilaan tokko utuu gara tajaajilaatti hinba’in fuula dura gochuu qan qabuu dha.
Jabaatee soomaa fi kadhataan waaqayyoo ,dura turuun tajaajilaa tokkof murtessadha. Tajaajilaan
kan kadhatu .kan soomu fi warra biraaf kan kadhatu ta;uu qaba. Tajaajila Yesuusin yoo ilaallee
halkan guutuu kadhataa bulaa guyyaa immoo tajaajila yeroo yertuu gidduutti hojii ija qabu
baay’ee hojjeta.( Marq 6:46; Luq 9:28). Ergaamootas yoo ilaalle yeroo dheeraa kadhata irratti
dabarsu lallaba daqiiqaa sandiin immoo namoota kuma sadi Gooftaadhaaf boji’u.( H.er 1:14;
2:41; 6:4) . Har’a lallaba qopheesuuf sa’atii 10 fudhanna, kadhachuuf immo daqiiqaa kudhan
fudhanna, sababii kanaaf tajaajila keenyatti bu’aa baay’ee buusuu dadhabna. ( Luq.2:36-37; Mar
9:29; Rom 12:12; Yai 5:16)

93

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.6.3. Hafuura Qulqulluu.

Tajaajilli hojii karaa lamaati. Ga’een nama tajaajilu Sanaa fi gaa’ee Hafuura qulqulluuti.
Waaqayyoo human inni nuuf kenneen alatti nuti tajaajilaaf ga’oo miti. Yesuus iyyuu tajaajila
isaa kan tajaajile humnaa hafuura qulqulluutin ture. ( H.erg 10:38), jireenya Pexiroosii fi tajaajila
isaa yoo ilaallee, dubartii garbittii tokkoon yeroo sadi Yesuusin kan gane, human hafuura
qulqulluu erga argatee booda namoota kumaatama dura dhaabbatee ija jabinaan Yesuusin dhugaa
ba’e. Tajaajilli ergamootaa kan jijjirame erga Hafuura qulqulluu argatanii booda.H.erg 2:1-47).

1.7. Amala Tajaajila Kakuu Haaraa.

Ergaamaan Phaawuloos 2Qor 3: 7-11; tajaajilli ulfina qabeessa ta’uu isaa erga dubbatee booda,
tajaajila kakuu Haaraa jechoota sadiin ibse: kan Hafuuraa; kan qajeelummaa fi tajaajila jabaatee
ittifufu. Wantoota kan sadan yammuu ilaalluu, tajaajilli kakuu haaraa maal akka fakkaatuu yaada
nuuf kenna.

1.7.1. Tajaajila Hafuuraati.

Ergamaan Phaawuloos tajaajilli kakuu haaraa qubee(letter) fi seera irraa kan dhaabbate utuu
hinta’in hafuura qulqulluu dhaan kan raawaatamuudha. Bu’uura tajaajila kakuu haara kan ta’ee
Yesuus gara waaqatti utuu oli hinba’in dura bartoota isaatiin “ isin kanaaf dhugabaatota jedhe”.
Abdii abbaan koo isin abbadachiise an isinaan erga, isin garuu hammaa oli human uffatanitti
Yerusaalem keessaa hinba’inaa” isaanin jedhe. ( Luq 24:48-49). Kun kan nu agarsiisu tajaajilli
hafuura qulqulluun alatti rawwatamuu fi ija godhachuu akka hindandeenye dha. (H.er 10:38;
13:4; 18:25; Rom 15:18:19; 1Tas 1:5; 1Pex 1:12; Mul 1:10

Amanaan tokko galafata tajaajilaa yammuu fudhatuu tajaajilaa qajeelummaa jedhama. Kanas kan
raawwatu jireenya isaan fakeenya ta’uun qajeelummaan kan keessatti hinargamne biyya lafaa
kanaa fi hojii Seexanaan murmuudhaan. Har’a tajaajila qajeelummaa kan nuti kenninu tajaajila
lallaabaa kennuu qofaan utuu hinta’in keessumaa iddoo seexanii fi cubbuun irratti mo’e keessatti
qajeelummaan jiraachuun. ( Efe 5: 8-10; Fil 1: 9-11; 1Tas 2:10; 1Xim 6:11; 2Xim2;22)

94

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.7.3. Tajaajila jabaatee ittifufu.

Tajaajila goofta harkaa fudhatne biyya lafaa kana keessaa gaafa godaannu waaqayyo biratti
galmaa’ee waan nu eeguuf tajaajila keenyaaf eegganaa gochuu qabana. Tajaajilli Kakuu haaraa
jiraatee kan ittifufuudha malee sirna kamiin iyyuu kan jijjiramu miti. ( Mat 6:19-20; 1Qor 3:12-
14; 2Qor 5:10; 1Xim6:18-19; 2Xim4:7-7; Mul 2:10).

1.8. Tajaajilaa ta’uu

Waa’ee tajajilaa gaafa dubbannu sadarkaa lammaffaatti gaafachuu qan qabnu: Tajaajilaa ta’uu
maal jechuu akka ta’e isa jedhuudha. Gaaffii kanaaf deebii 4 keennina.

1.8.1 Tajaajilaa ta’uu jechuun filatamuu jechuu dha.

Waamichi isa waamu waaqayyo biraati malee isa waamau biraa miti. Har’as Gooftaan tajaajila
tokkoof yammuu nama filu, namni sun warra kaan caalaa qajeelaa waan ta’eef utuu hinta’in
akkasumaan karaa nama kanaa waan hojjechuu barbaade ayyaana isaan waan hojjechuu
jaallateef qaofa. ( H.er 15:7; Gal 1:15-16)

1.8.2.Tajaajilaa ta’uu jechuun mudaamuu jechuudha.

Mudaamuu jechuun bakka dura kennamee irraa gara oliitti ba’uu jechuudha. Phawuloos 1Xim1:2
irratti ‘ amanamaa godhee waan nalakkaa’eef tajaajila kanaaf namuude jedhe dubbata’. Akka
jecha Phawulositti waamicha isaa isa jalqabaa irra gara isa guddaatti fi ulfina qabeessatti darbuu
isaa hubachiisa. Biyya lafaa kan irratti tajaajila ta’anii muudamuu irra kan caale mudamni kan
biraan hinjiru.

1.8.3. Tajaajilaa ta’uu jechuun Aboo/Aangoo fudhachuu jechuudha.

Goftaan keenya Yesuus Kiristoos duuka buutota isaa Ergamoota jedhee yammuu waame,
waamicha guddaa kan duukaa kan adeemuu naboo isaaniif kenne. Akka sagalee isaa irraa
arginutti aboon ku dhukuba irratti, seexanaa fi balabal si’ol irratti kennameef. Kun kan agarsiisu
Gooftaan yammuu muudu abboo fi humnaa wajjin akka ta’eedha. Mat.10:1, 28:18; Marq 3:15;
Luq 10:19; H.er 8:19).

95

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.8.4. Tajaajila ta’uu jechuun Addaa ba’uu jechuu dha,

Addaan baafamuun waamamuu fi muudamuu irra baay’ee gadifagoo kan ta’ee yaada waaqayyoo
ia barabaraa kan agarsiisuudha. Sababi isaa kakuu moofaa fi kakuu haaraa keessatti waaqayyoo
namoota garaa haadha isaani keessa utuu jiraanii hojii isaaf utuun addaan baafatuu argina.
( Er.1:5; Gal.1:15-16). Har’as gooftaan tajaajilaa isaaf jalaqabaa jalqabee warra beeke akkataa
hojii isaa isa dinqisiisaattin addaan isaan baafata.

Boqonnaa 2. Waamicha Tajaajilaa

Tajajjilli bu’a qabeessa akka ta’uu wantoota barbaachisan keessaa inni jalqabaa waamicha
tajajilaati. Har’a waldaa kiristiyaanaa keessatti rakoo umamaaniif sababa guddaa kan ta’ee
mul’atu isa namootni waamicha hinqabne tajaajila irratti bobba’anii karaa ofii isaanii fi toftaa
ofii isaanin tajaajiluuf yaalanii dha.

2.1. Goosa Tajaajilaa

Waamicha jechuun waan tokko raawwachuu fi hojii adda ta’e hojjechuudhaaf qaama tokko irraa
gaaffii ykn ajaja gara namaa dhufuudha.Kuq 5:10-11; 1Qor 7:20; Gal 5:15-16; 2Tas 2:14; Fil
3:14. Waamicha goosa garaagaratu jira.

2.1.1. Waamicha Fayyinaa

Waamichi waaqayyo dhala namaa hundumaaf kan godhe yammuu ta’u, Kiristoosi Yesusin
amanuu dhaan warra gara isaa dhufan qoftu jireenya barabaraa argata. Yoh 5:16; Rom 5:8.

2.1.2. Waamicha Tajajilaa

2.1.3. Waamicha Waaqayyoo

Kakuu moofaas ta’e kakuu haaraa keessatti waaqayyo hojii ofii isaaaf namoota utuu inni
waamuu argina. Kun jechuun waaqayyoo nama addaan baafatee, gooftaan tajaajila offi isaaf
addaan baafteera waan ta’eef, namani sun bara jireenya isaa hundumaa hojii kan biraa irratti
boba’ee jirachuun hindanada’u. ( S.B.3:1-10; 1Sam 16:1-13; H.er 9: 15)

96

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.2. Mallattowan nama waamicha tajaajilaa qabuu

2.2.1. Jireenya Qajeelummaa

Namani waamicha qabu amanla jireenya hafuuraa inni qabu irraan beekama. Kiristiyaanni
waamicha qabu jireenya isaan wangeela kan lallabuu fi qajeelummaan kan jiraatuudha. Jireenya
qajeelummaa jiraachuun amantoota hundumaaf kan kenname yoo ta’e illee, sadarkaa tajaajilaa
irra kan jiraatan fakeenya gaarii ta’uu akka qaban dubbata. 1Xim 4:11-12; 6:11;

2.2.2. Ba’an kan itti dhaga’amu

Namani waamicha waaqayyoo qabu tokko hojii waaqayyoof ba’aa isatti dhaga’amuu fi jaalala
inni qabuudha.

Waamichi tajaajilaa ba’aa namatti dhaga’amu irraa jalqaba. Kakuu moofaas ta’e Kakuu haaraa
keessatti warri waaqayyoon tajaajilan ba’aa fi jaalala guddaa hojii waaqayyoof qabu turan. Erm
20:9; Neh 1:1-5; 2:1-3; Luq 2:36-37; Rom 9:1-3; 2Qor 11:28)

Ofiikoo hojii waaqayyoof kenneera jechaa hojii gooftichaa namni yaallootti qabu, waamichi isaa
shakisiisaa dha. Namni akkasii yeroo guutuu kennuun isaa bu’aa dhuunfaa iratti kan hundaa’ee
dha. Macaafni qulqulluun namni akkasii abarsa jala akka jiru dubbata. Erm 48:10

2.2.3. Waaqayyoof ulfina kennu

Namni waaqayyoon waamame ka’umsi tajaajila isaa waaqayyoon ulfeessuudha. Sababiin


waaqayyoon tajaajiluu isaa beeekamtii fi bu’aa argachuuf miti. Namni gooftaan waamame
jireenya tajaajila isaa irraa iji fi bu’aa gaariin argamu waaqayoof ulfina kenna. H.er
3:12,16;14:15

2.2.4. Qajeelfamni jireenya isaa Sagalee Waaqayyoo ti.

Namni Waaqayyoon waamame qajeelfamni jireenya isaa fi tajaajila isaa dubbii Waaqayyoo ti.
Hos, 4:6, Matt,22:29, Ho.Er. 18:24,

97

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.2.5. Humna Waaqayyootu ittiin mula`ata.

Namni waamicha qabu tajaajilli isaa humnaa fi dibata Hafuura Qulqulluutiin tajaajilauu isaan
beekama. Humna Hufuura Qulqulluu yammuu jennuu dhukkubsatootaaf kadhatee fayyisuu, ykn
raajii dubbachuu isaa qofa jechuu keenya miti. Garuu faarfachunn, lallabuun, ykn barsiisuun
humni Waaqayyoo ittiin mul`achuu danda`a jechuu dha. Matt. 9:8, Mar. 1:22, Ho.Er 4:13, Ho.Er.
6:8-10.

2.2.6. Waamicha Sanaaf gatii inni baasu

Namni Waaqayyoon waamame waamicha sanaaf Abboomamuuf gatii inni baasu in beekama.
Gatii nuti baasnu waan qabnuun madaalama utuu hin ta`in argachuuttis dhabuuttis, gaddaa fi
gammachuuttis abboomamnee tajaajiluu keenya. Ho.Er. 4:1-3, Ho.Er. 12:1-2, HJo.Er. 14:19-20,
2Qor. 11:23-28, Mul. 1:9

2.2.7. Mul`ata qabuun beekama. Namni waamicha qabu abbaa mul`ataa ti. Waamicha
tajaajilaa namni qabuu mul`ata isaa gooftaa harkaa fudhatee hojii itti hiikuuf tattaafata. Mul`atni
ba`aan akka nutti dhaga`amu yammuu godhu, kan kennamus Waaqayyoo biraa ti. Ho.Er. 10: 10-
48, 26:19

2.2.8. Ija isaan beekama

Waamicha dhugaa naman qabu ija baayyee kan godhatuu fi tajaajila isaatti iji kan argamuu dha.
Matt. 7:20, Yoh. 3:8, 16, Rom. 1:13, Rom, 7:4, Qol. 1:10-11

2.2.9. Ergaa yeroo nama qabuu dha.

Namni waaqayyo isa waame barchaa fi saba tajaajilu sanaaf ergaa nama qabuudha. Waaaqayee
bara hundumaaf kan ta’an namoota inni waamu jiru.

Isaanis gopoftaa biraa ergaa fudhatan sababi qabaniif lallabni isaanii, faarfannaan isaanii fi gorsi
isaanii garaa namaa keessa kan seenuudha. ( Luq 4:22; H.er 5:20; 8:6; Efe 6:19)

2.2.10. Tokkummaa Waaqayyoo wajjin qaba.

Namani waaqayyoo isa waame walittidhufeenya isaa isa jalqabaa waaqayyoo wajjin
godhata.Yeroo tokko tokko tajaajila irraatti gaafa xiyyeeffannu walittidhufeenya waaqayyoo

98

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

wajjin goonuu yeroo nuti dagannu jira.Tajajiltoonni waamichi isaanii inni jalqabaa
walittidhufeenya isaanii waaqayyoo wajjin akka godhataniidha. 1Yoh1:3

Boqonnaa 3:- Dibata Tajajilaa

3.1. Dibati maali?

Namani tokko indibame jechuun akeeka waamameef sanaaf add aba’ee, kan muudame, kan
filatame, sinboo kana grate fi ga’umsa kan argate jechuudha. Kiristiyaanni tokko hafuura
qulqulluudhaan tajaajilaaf yammuu addaba’u waamicha ittiwaamame sanaaf ga’aa kan isaa
godhu dibatatu waaqayyo biraa kennamaaf. Dibatni sun ija akka godhatuu fi humnaa fi
aboodhaan akka tajaajilu isa godha.

‘Dibata’ ykn ‘dibamuu’ yaadni jedhu kakuu moofaa keessaa kan dhufe yammuu ta’u,
tajaajilaafis ta’e mootummaaf yammuu muudaman dibata zayitaatu mataa isaanii irratti
dhangalaafama. Kunis tajaajila sanaaf waamamuu isaanii, addaan baafamuu fi muudadamuu
isaanii agarsiisa. S.Ba 30:30; S.Lew 8:12; 1Sam 10:1; 16:13. Akkuma beekamu fakeenyota
hafuuraa qulqulluu macaafa qulqulluu keessatti barreffaman keessa inni tokkoffaan Zayita.
Fakeenyi kun kakuu moofaas ta’e haaraa keessatti eegamee jira.

Bara kakuu haaraa Luba, raajii fi mootii akka ta;uuf kan dibame Yesuus kiristoos qofa. ( Luq
4:17-19; H.er 10:38-39). Gooftaan kun tajaajila isaa lafa irraa fixee ulfinaan gara waaqaatti
yammuu olfudhatame, dibata isaa humnaa fi ittigaafatama isaa hundumaa wajjin amantoota
kakuu haara hundumaa irratti dhangalaase. (H.er 2: 1-4; 1Yoh 2: 20;27). Ergamichi Phaawuloos
ergaa isaa warra qoronxoosiif yammuu barreessu akka waaqayyoon dibametti dubbata.2Qor
1:21.Ergamich Yoohannis ergaa isaa keessatti amantoonni dibata waaqayyoo biraa akka
fudhatanii fi dibati sun akka isaan geggeessu, akka isaan barsiisu dubbata.(1Yoh 2:27). Egaa
wantoonni nuti ilaalle kun dibamuun kakuu haaraa fi moofaa keessatti kan mul’atuu sagalee
waaqayyoo irratti kan hundeefameedha malee namtolchee akka hintaane nu hubachiisa. Dibata
Zayitaa ilaalchisee gara kakuu haaraa gaafa dhufnu Yesuus Mat 25 keessatti waa’ee durboota 10
fakeenya inni kenne dibata sana hafuura qulqulluu wajjin walitti qabsiisetu. (Mat25:1-13).
Namni isin gidduudhaa yoo dhukubsate jaarsoolin waldaa diabta dibanii akka kadhataniif
sagaleen waaqayyoo qajeelfama kenna. (Ya’iq 5:14)

99

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3.2. Dhoksaa Dibamuu.

Dhoksaan tajaajilaa dibata keessa jira. Dibanni Hafuura qulqulluu kun namni sun waamicha itti
waamame sanaaf human, ogummaa, beekuma fi jabina kennaaf. Kanaaf egaaa kakuu moofaas
ta’ee kakuu haaraa keessatti akka arginutti waaaqayyo tajaajilaaf yammuu adda nama baasuu
tajaajila sana kan ittin raawachuu dandeenyu dibata nuuf kenna. Jecha kana irra kan hubannu
tajaajilli human hafuura qulqulluutiin kan raawwatamu malaae beekumsaa fi dandeetti namaatin
akka hintaanedha. Zak 4:6; 2Qor 3:5. Kanbiraa beekuu kan qabnu, namni dibame tokko bishaan
iraatti, Zayita irratti, ufta garaagaraa fi footoo irratti kadhatame bitachuun ittifayyadamuun
dibatni gara namaatti hindarbu.

3.3. Dibata Hafuura Qulqulluu fi Tajaajilaa

Namani waaqayyoon dibame amala harmaan gadiitu irratti argama.

3.3.1. Dibati Waaqayyoo Waanjoo Caabsa.

Kakuu moofaas ta’e haaraa keessatti waaqayyo gaafa nama dibu isa irra kan dhufee hafuura
qulqulluun jalqabatti nama sana irra maanjoo cabsa. Isa booda namoota tajaajilu hundumaaf
booqonnaatu ta’a. (H.erg 8:5-8; 9:17-18; 14:7-14)

3.3.2. Kennaa Namoota kan biraa in kabaja

Dibata nukeessa jiruu fi isa namoota kan biraa keessa jiru attamitti ulfeessinaa? Tokkoon tokko
amanaa qaama kiristoos keessatti ga’ee guddaa waan qabuuf ayyaana namoota kan biraa
ulfeessuu/ kabajuu qabana. Kana yammuu goonu inni tokko isa tokko caaluuf morkii godhamuu
irraa bilisa taanee tajaajila.Bu’aa dhagna Kiristoos keessatti hundumti keenya barbaachisoo waan
taneef inni tokko isa tokkof bu’aa akka buusu ta’ee walitti qabsiifame.( Rom 12:3-8; 1Qor 12:7-
11; Efe 4:7; 1Pex 4:10)

3.3.3. Sagalee isaa fi Kadhataaf iddoo kenna

Dibatni waaqayyoo jireenya kadhataa fi sagalee isaa wajiin walitti hidhanii qabchuun tajaajila
keenyatti madaalli kenna.Saglee isaa fi kadhataan alatti dibata wanti jedhamu hinjiru.Dibatichi
sagalee isaa wajjin hojjeta waan ta’eef. (H.erg4:31; 6:2-4; 18:24-28)

100

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3.3.4. Tajajilli sun kan Gooftaa malee kan ofii isaa akka hintaane beeka.

Namani waaqayyoon dibame tajaajilli isaa kan ofii isaa akka hintaane waan beekuuf tajaajilla
isaa kan kabajuuf jecha namoota hinmiidhu, sodaadhaa fi nama amanuu irraas walaba. Sababi
isaa waaqayyoon waan waamameef dibata waaqayyo isa irra jiru eenyuu iyyuu dura dhaabachuu
hindandeenye waan beekuuf. (H.eg 20:24; Qol 4:17; Mul 3:7-8)

3.3.5. Tajaajilli isaa namootni injijjiramu ( ineebbifamu)

Namni waaqayyoon dibame waaqayyo isaa wajjin waan hojjetuuf tajaajila isaan namootni
bay’een injijjiramu. Tajaajilli isaa dadhabsiisaa hinta’u. ( Rom 15:18-19; 1Qor 2:4-5; 1Tas 1:5)

3.3.6. Ofiif hinfalmatu

Namani waaqayyoon dibame tokko ani nama dibameedha jedhee namoota sodaachisuun offiif
dubbachuudhaan fudhatama qabaachuu barbaada utuu hint’an waaqayyoof dhiisaa. Yesuus akka
jedhutti; hojii ani hojjedhu anaaf dhugaba’ajedhe. Yoh.5: 36-37 irratti akkuma dubatame har’as
namoota hojii garagaraaf dibaman mallattoo itti gochuudhaan dhugaa ba’aaf. 1Sam 3:20; Yoh
3:2; H.erg 4:3; 1Qor 2:1)

3.3.7. Hinfakeessuu

Namni waaqayyoon dibame tajaajila waarra kan irraa fuudhee fakeessuun kan tajaajilu miti.
Dibata isa irra jiru dhaga’ee kallatti dibatichi isa agarsiise irra adeema. Gal 2:8; 2Pex 3:15

3.3.8. Hundumaa ulfina Waaqayyoof godha.

Namani waaqayyoon dibame dheebuun isaa Yesuusin ulfeessuu malee bu’aa mataa isaa
barbaacha hintajaajilu. ( Yoh 3:26-30; H.erg 3:12-13,16; 14:15)

Boqonnaa 4: Mul’ata Tajaajilaa

Namootni waamicha dhugaa qaban kan dibaman qofa utuu hinta’in namoota mul’ata qabanii
dha. Tajaajilaan mul’ata qabu namoota kan birootti kan hinmul’atin kan argu, kallattii tajaajila
isaa fi galama isaa kan beeku; ija mantiin fagooti kan ilaaluudha.

101

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

4.1. Hiikaa Mul’ataa

Mul’tni waaqayyoo biraa kan kennamu yammuu ta’u nama kennamuuf sanaaf toora galee
midhagee kan kennamuufiidha. Kanaaf mul’atni kan biraa irraa kan warabamu ykn fakeesuun
kan ittin hojjetamu mit. Ittidabalees mul’atni nama sanaaf tajaajila attamii nama tajaajilu fi
kallatti tajaajila isaa kan isa agarsiisuu ta’ee mootummaa waaqayyoof wanta gumaachuuf jiru
kan agarsiisuudha. Kanaaf mul’atni abjuu miti. Abjuu yammuu jennu maal jechuu keenya?
Abjuun waan hojjechuu barbaannu ykn hawwinu tokko yammuu ta’u keessa keenyatti humna
kan hinqabneefi irraanfatamuu kan danda’uudha. Mul’atni garuu garaa keenya keessatti akka
ibiddaatti kan boba’u, kan jiraanuuf, gatii kan ittibaafnu fi Gooftaa biraa kan kennameedha.

4.2. Fayidaa Mul’ataa

Waldaa kiristiyaanaa fi namaoota tajajilaniif mul’ati ibarbaachisa yammuu jennu yaada baay’ee
dubbachuu indandeenya. Hata’u iyyuu malee yaada’a gurguddoo ta’an ilaalla.

4.2.1. Mul’atni kallatti agarsiisa.

Mul’atni kallattii tajaajilaa sababa nuuf kennuuf waldaa kiristiyaanaafis ta’e tajaajilaadhaaf
inbarbaachisa. Waldaan ykn tajaajilaan mul’ata hinqabne kallatii isaa fi baka ga’umsa isaaa
hinbeeku. Mul’atni gaara fuuladuraa kan nu agarsiisuu fi akka adeemnu kan nu godhu, karaa isa
jalqabaa akka hinyaadnee fi irra hindeebine nugargaara. (S.Ba 3:1-8; H.erg11:5; 16:9-10)

4.2.2. Mul’atni tokko nama gochuuf humna qaba

Mul’atni waldaa kiristiyaanaa kan walitti fiduu fi tokko kan godhu humna qaba. Amantoonni
kallatti irra adeeman, akeeka dhabataniif sanaaf waliin hojechuu, walin kadhachuuf tokkummaa
akka uummatan isaan godha. Waldaa kiristiyaanaa keessatti namoota kan walitti isaan hidhuu
mul’ata waliinii yoo qabaatanii dha.(Neh 2:18).

4.2.3. Mul’atni namootni waan qaban hundumaa akka kennan isaan godha.

Fayyidaan mul’ataa inni tookko namootni qabeenya isaanii akka kennan isaan godha.

102

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Amantoonni qabeenya isaanii kan kennaniif Kurnaffaa kennuun sababa isaanirra jiru qofaaf utuu
hinta’in mul’ata qabatamaa isaan ilaalan tokko sababa jiruuf. (S.Ba35:20-22; Neh 7:70;
H.er4:34-37

4. 3. Waldaa Kiristiyaanaa fi Mul’ata.

Waa’eee Waldaa Kiristiyaanaa fi Mul’ata yammuu ilaallu, waldaa amantootaa tokko keessatti
kan argaman rokkoo gurguddaa 4 jiru.

4.3.1. Rakkoo Mul’ata dhabuu

Solomon yammuu dubbatu ‘ Mul’atni hinjiru taanaan sabni gadidhiisii ta’a’. Fak.29:18.
Gadidhiisii jechuun toora kan gadidhiisee kalaatti qabatee kan hinadeemne jechuudha. Seerri
ittin bulmaataa waldaan kiristiyaanaa ykn tajaajilli sun yoom akka jalaqabee fi sababi isaa ibsuu
danda’a; mul’atni garuu eenyuun, attamitti, tajajila keenya irraa maal akka eegamu ifatti nutty
mul’isa.

4.3.2. Abbaan Mul’ataa Waldaa Kiristiyaanaa keessatti iddoo isaaniif ta’u argachuu
dhabuu.

Kakuu moofaa fi haaraa keessa yoo ilaalle, waaqayyoo mul’ata nama dibee fi addaan baafateef
kenna. Waaqayyoo namoota dibee mul’ata keneefii waldaa tokko keessa yammuu kaa’ee akka
isaan ergmtuu fi hojirawachiiftuu waldaa ta’anii hidhamanii ta’anii miti. Garuu fuula waaqayyoo
barbadatanii, sagalee waaqayyoo dhaga’anii waldaa sana kallatti waaqayyo isaan barbaaderra
akka geggeessaniif. Akkas yoo ta’e ga’een jaarsolii waldaa mul’ata namni sun fudhatee dhufe
mariyatanii irratti kadhtanii mul’atichi hojiitti akka hiikamu gochuudha.

4.3.3. Mul’ata baay’ee yeroo tokkotti keessmsiisuuf yaalii gochuu.

Yeroo tokko tokko rakkini waldaa kiristiyanaa keessa jiru,nama yeroo guutuu kennee tajaajilu
geggeessummaa irraa kaa’uu dhiisuu qofa utuu hinta’in mul’ata baa’yee yeroo tokkotti
kessumsiisuu yaaluudha. Mul’ata tokko xumuranii isa kan biraatti darbuun mallattoo guddinaati.

103

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

4.3.4. Gurmaa’uun hojjechuu dadhabuu

Raawwii mul’ata tokkoof sababa kan ta’u mul’ata fudhatan sana kan ofii godhatanii fudhachuu fi
namootni ofkennan jiraachuu isaan. Yoo kana ta’uu baate mul’atni sun gudachuufis ta’e
bal’achuuf hindanda’u. sababi kanaaf warri mul’ata qaban mul’ata isaanii waliif hiruuf gurmuu
uumuu qabu. akkasitti warri isaa wajjin jiran tajaajila isaaf degersa guddaa kennu. Abbaan
mul’ataa sunis tajaajilichi kan isaanii ta’uu isaa isaan hubachiisuudhaan, ‘tajajila isaa’ isa jedhu
keessaa ba’anii tajaajila keenya jechuutti akka isaan dhufan gochuu qaba.

Boqonnaa 5: Tajajilatti gufuu kan ta’anii fi furmaata isaanii

Bara darbe keessas ta’a bara kana tajaajiltoonni qoramas garaagaraan qoramu, isaan kana
keessaa yertuu isaanii ilaalla:-

5:1. Ejja

Akka sagaleen waaqayyoo barsiisutti salqunamtiin gaa’ela keessatti eebba akkuma ta’e gaa’ela
alatti immoo ejja jedhama.Ejji immoo cubbuu mootummaa waaqayyoo keessa ala kan nama
godhu dha. (1Qor 5:9-11; Ib.13:14). Gaa’elaan alatti tajaajilaan salqunnamtii godhu kufaatii
garagaratiif saxalama.

Kufaatii Hafuuraa: walittidhufeenya waaqayyoo fi waldaa kiristiyaanaa waliin qabantu bada,


ayyani isaas irraa fudhatama, darbees mootummaa waaqayyoo ala ta’uu fida.

Kufaatii hamilee: nagaa, boqonnaa fi gammacuu dhaba.

Kufaatii qaamaa: dhukuba dadarbaa salaa kan akka HIV Aids saaxalamuu danda’u. macaafni
qulqulluun keenya namoota sababii ejjaaf tajaajilli isaanii babadde indubata. Fknf, Ijoollee Israel
S.Lak 24:1-8, Samson( A.Fir 14:1-2; 16:15-21), Dawit 2Sam11:2-5; 12:10-22; amantoota warra
Qoronxoss keessa jiraatan tokkotokko(1Qor 5:1-5; 6:15-16).

5.1. Karaa ittin qoramsa ejjaa oolan

 Baqachuudha. (S.Um 39:12, 1Qor 6:18;2Qor 2:22; Yai.1:14-15), baqachuu jechuun


saalaan adda adda ta’anii mana qofaa keessa taa’uu dhiisuu, yammuu gorsa laannuu fi

104

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

gorsa fudhannuu mana banamaa goonee taa’uu, ejjaaf karaa kan ta’an hundumaa cufuu
jechuudha.
 Qoramatti akka hingaleef jabaadha kadhadha akka jedhe kadhachuu, sagalee isaa
dubbifachuu qabna. (Far 119:11; Mat 26:4; Ya’I 1:21
 Macaafa qulqulluun waa’ee foonii yaaduun du’a fidaa waa’ee hafuuraa yaaduun
jireenyaa fi nagaa fida jedha( Rom 8:6). Waa’ee waan dhageenyuu fi waa’ee waan
dubbanuu eeggannaa gochuu qabna. Tajaajilaa guyyaa guutuu fiilmii salqunnamntii
ilaalaa oluu fi tajaajilaa macaafa qulqulluu guyya guyyaan dubifachaa oluu yoo ilaalle
carraan kufaatiin nama filmii salqunamtii ilaaluu baa’yee guddaa ta’a.
 Abbaa manaa fi haadha manaa irraa addaan ba’anii jiraachuu dhiisuu, yeroo waliin
dabarsuu.(1Qor 7:5)
 Namummaan keenya mana qulqullummaa waaqayyoo akka ta’e beeknee namummaa
keenya waaqayyoof bitamsiisuu.(1Qor 6:15;18-20

5.2. Horii jaalachuu

Bara kana tajaajiltoonni baay’een kan isaan ittin kufaa jiran inni guddaan qabeenyaa jaallachuu
dha. Macaafa qulqulluun horii jaallachuutu cubbuu dha malee horiin ofii isaati cubbuu miti.
Macaafa qulqulluu keessatti hojii jaallachuun tajaajilaa fi mootummaa waaqayyoo keessaa ala
kan ta’an akka jiran ni dubbata. Fknf, Giyaz( 2Mot 5:20-27), Akan ( Iyas 7:19-26);
Yihuudaa(Luq 22:3-6, Yoh 12:4-6, H.er 1:17). Hananiyaa fi Saphira(H.er 5:2-10); Demaas(2Xim
4:10); jireenya namootaa kana irraa baay’ee barachuu dnadeenya. Macaafni qulqulluun jaalala
hooriitiin qabamuu irraa akka fagaannu inbarsiisa.

5.2.1 Qoramsa jaalala hoorii irraa karaa ittin eegamnu.

 Uumaman namni naga’a jechuu waan hinbeekneef, jiraachuudhaaf jireenyi naga’a


jechuun waaqayyoon fakkachuuf ofshaakalchiisuu.( 1Xim4:7-8; 6:6-8)
 Kennaa ayyaanaa tola fudhane waan ta’eef deebifnee tola kennuu(2Mot 5:1-27; Mat
10:8; H.erg 8:9-24)
 Jireenya namaa baayina qabeenyaa isaan waan hintaaneef hawuu irraa ofeegannee nagaa
keenya gooftaa godhachuu.( Luq 12:15)

105

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Jireenya keenya irratti horiin gooftaa ta’ee jira yoo ta’e waaqayyoo akka itti nuhiikuuf
kadhachuu. (H.erg 8:22-23)
 Yertuu qabnu warra kaaniin ga’uu amaleeffachuu(2Tsa 3:8)

5.3. Ulfina (Tayitaa)

Waqaafi lafa irraatti ulfinni kan ta’uuf waaqayyo qofaaf. Ulfina barbaaduun iddoo waaqayyoo
barbaaduu waan ta’eef oftuulummaadha. Oftuulummaan immoo cubbuu waaqayyoo
hinobsineedha. Kanaf seenaa baay’eetu barreffamee jira. Fknf, Seexana,( Isay 14:12-15;
Hiz23:13-19); Herodis H.erg 12:21-23); dan 4:20-23). Saaxanni wanta ofii isaaf itti hinmilka’in
cubbuu oftuulumma baatee namoota bira naanna’a. walitti bu’insi geegeessitoota waldaa bara
kanaa iddoon qabadhe gadihidhiisuudhaan sochii godhamuudha. Bara kana tajaajiltoonni
baay’een gadibu’anii tajaajiluu hinbarbaadan, sababi isaa iddoo akkasiitti gadi bu’anii tajaajiluun
ulfina isaan qaban waan isaanitti hir’su isaanitti fakkaata.

5.3.1. Qoramsa Ulfina barbaaduu irraa karaa ittin eegamnu.

Duuka buutota Gooftaa kan ta’an hundinuu fakeenya isaa fudhachuun tajaajiluu akka qaban
macaafni qulqulluun indubata. 1Qor 11:1; Fil.3:7; 1Xim 4:8; 1Pex 2:21). Kanaaf

 Gooftaa Yesuusin tajaajiluu kan barbaadu, akka inni tajaajilaa turetti fakeenya isaa
duukaa bu’ee qajeelummaan, jaalalaan, gadiofdeebisuu fi abboomamuun tajaajiluu qaba.(
Luq 22:25-27, Fil2:5-11; Ib 5:4-10)
 Namootni ulfinaa nuuf fiduun qoramsa keessa akka nuti galu gochuu danda’u. nuti garuu
akkuma Phawulos barnaabas hinta’u jennee ulfinni kan ta’uuf waaqayyoo qofaaf akka
kennamu gochuu qabna. ( Yoh 3:26-30; H.er 3:12-13,16; 14:15)

Boqonnaa 6: Tajaajilaafi jireenya walittidhufeenyaa inni qabu.

Jireenya tajaajilaa gaaf ilaallu jireenyi isaa waaqayyoo wajjin, waldaa kiristiyaanaa wajjin ,
tajiltoota waldaa kiristiyaanaa wajjin, maatii isaa fi biya lafaa wajjin ta’ee argina.

6.1. Walittidhufeenya Tajaajilaa Waaqayyoo wajjin

Jireenyi tajaajila kan inni ittin madaalamu inni jalaqaba walittidhufeenya inni waaqayyoo wajjin
qabuun. Kallattiin walittidhufeenya isaas sagalee waaqayyoo, kadhataa fi qulqullummaadhaan.

106

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Kanaaaf tajaajilaan tokko sagalee waaqayyoo beeekuu fi jirachuudhaan, eenyummaa Gooftaa


beeka, jireenya isaa isa keessaa jabeefataa, akka fedha waaqayyootti deddeebi’aa, tajaajila
Gooftaan itti isa waame sanaaf qophaa’a. tajaajilaaan sagalee waaqayyootiin guutamuun waraa
isaan tajaajilu sana irra caalee argamuu qaba. Kana goochuufi immoo sagalee waaqayyoo
dhunfaa isaatti qorachuu, barumsa macaafa qulqulluu karaa garaagaraa kennamu barachuu qaba.
Tajaajilaan barsiisu qofa utuu hinta’in kan biro iraasa barachuu qaba, tajaajila isaa hundumaa
akka sagalee waaqayyootti gochuu qaba, abboo sagalee isaafis bitamuu qaba.( Izira 7:10;
Isay50:4-5; Milk2:7;H.erg 22:3; Gal.6:6; Qol 3:16 1Xim 4:13)

Ittidabalees walittidhufeenya isaa waaqayyoo wajiin jabeeffachuuf kadhata isa barbaachisa.


Tajaajilaan mul’ata kan qabuu fi kan tajaajiluu sirritti yoo nama dibame ta’eedha. Waaqayyoo
biraa fudhachuuf immoo sirritti kadhataan waaqayyo dura nama turu ta’uutu isa irra jira.
Yesuusii fi ergamoota isaa yoo ilaallee hamam tajajillli yoo isaanitti baay’ate illee kadhatatti
iddoo olaanaa kan kennan turan. ( Marq 1:32-35; 6:46; Luq 5:15:16; 6:12; H.er 2:5; 6:4; 8:2;
12:5; 22:12)

Akkasumas tajaajilaan jireenya ofii isaa qulqullummaan eegachuu qaba. Barsiisa sobaa irraa,
xuraa’ummaa irraa, hameenya irraa, dhibba’ummaa fi adooduu irraa, fiigicha akkasumaanii irraa
ofeegachuu qaba. Waaqayyoon fakkaachuudhaaf kan dhama’u ta’uu qaba.( Luq 1:74-75; 1Tas
2:10, 1Xim 6:11)

6.2. Tajaajilaan walittidhufeenya inni tajaajila akaa isaa wajjin qabu.

Tajaajilaan tokko tajaajilaa kan biraa wajjin walittidhufeenyaa qabaachuudhhaaf qajeelfama


duukaa bu’uu qaba. Tajaajiltoota warra kaan kabajuu fi tajaajila isaanii waliin ta’uu. ( Rom 12:9-
10; 1Qor 12:24-25; Gal 2:9;1Pex 2:17); waan hundumaan tajaajiltoota warra kaaniif fakeenya
ta’ee argamuu. ( Filp 2:3; 1Xim 4:11-12, Tit 2:7-8), warra sodataan jajjabeessuu, kennaa isaanii
addaan baafatee akka kennaa isaanitti bobbaasuu, akasumaas immoo gorsuu fi dadamqsuu
barbaachisa.( Yoh 21:15-17, Fil 4:32Xim 1:6-7

107

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

6.3. Walittidhufeenya Kaldaa Kiristiyaanaa wajjin

Waaqayyoo tajaajiltoota waldaa kiristiyaanaaf kenne erga jennee, tajaajiltootaa fi waldaa


kirstiyaanaa gidduu walittidhufeenyi jiru bu’a qabeessaa fi guddinaaf filatamaa ta’uu qaba.
Ittigaaftama waldaa kiristiyaanaa kan ta’e ilaalla:

6.3.1. Tajaajiltootaa fi tajaajila isaanii simachuu

Ittigaafatamni waldaa kiristiyaanaa warra waamicha qaban keessa ayaana jiru addaan baafatee
tajaajila isaanii fudhachuudha. Isa fudhatama qabuu fi hinqabne attamitti addaan baafannee
fudhachuu dandeenyaa? Kan jedhu gaaffin ka’uu danda’a. hundumaa kan ittin maadaalu dubbii
waayyootin. Hundumaa suuta jennee ijaa isaatin madaaluu dandeenya. Akka amalefatamee
jirutti, namoota waaqayyo isaan waame iddoon yammuu kennamuu fi didu kan mataa isaanii
qopheefachuuf dirqamsiifamu. Kunis immoo waldaa keessatti garaagarummaa utunni uumuu
argina.

6.3.2. Tajaajiltoota leenjisuu fi geggeessummaaf isaan qopheessuu.

Ittigaafatamni waldaa kiristiyaanaa inni kan biraan immoo warra waamicha qaban kan leenjisuu
fi brsiisuun geggeessummaaf isaan qopheessuudha. Tajaajilaan karaa sadii baruu danda’a.
jalqabatti sagalee waaqayyootiin, waamicha isaatti fakeenya gaarii isaaf ta’uu warra danda’an
irraa fi gara mana barumsaa macaafa qulqulluu galee barachuudhaan.

Garadhumaatti qophii barbaachisaa warra godhan kana fudhatanii iddoo geggesummaa


barbaachisa ta’erra dhhabu dha. Geggessaa hafuuraa ta’uun kan biraatti kan dabarsinuudha malee
anuma duwaatu hojeta jedhanii jeqamsaa kaasuu miti. Gooftaa Yesuusin yoo ilaallee gara isaatti
warra isaan waame barsiisaa fi leenjii keessa erga dabrsee boodaa garadhumaatti aboo ergamoota
ta’uu isaaniif kenne. Kun jechuun yeroo sirri ta’etti namoota addaan baasuu fi beekuun warra
amanamootti ittigafatama dabarsanii kennuun dirqama.

6.3.2.1. Tajaajiltoota Fedhiin Tajaajilan

Olitti akkuma ilaallee Yesuusitti amanuun lammafaa kan dhalatan hundinuu tajaajilaaf
waamamaniiru. Amantoota keessaa wangeelaa fi mootummaa waaqayyoof ba’aa isaanitti
dhaga’amu irraa kan ka’e kennaa ayyaanaa isaaniif kennameen tajaajiltoota waldaa

108

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

kiristiyaanaatiin beekamtii argatanii kalaatti tajaajila garagaraa irraatti kan boba’an tajaajiltoonni
‘ tajaajiltoota fedhaan tajaajilan’ jedhamanii beekamu. Fknf, Luqaas hojiin isaa inni iddileen
ogeessa fayyaati (Qol 4:14) isa bukkeetti immoo tajaajila wangeelatti. (H.er 16:10, 2Xim4:11)
Aqilaa fi Phirisqilaan kan mataa isaani hojii qabu turan, akkasumas immoo hojii wangeelaa
kessatti ga’ee guddaa qabaachaa turan.(H.er 18:18-19; Rom 16:3-5). Waldaa bara amma kana
keessaa tajaajiltooni fedhiin tajaajilan jedhaman yeroo isaanii guutuu utuu hinkennin, miindaan
utuu isaaniif hinkaffalamin walda kiristiyaanaa kan tajaajilaniidha. Waldaan kiristiyaanaa
tajaajiltoota akasiin ala gara fuuladuraatti adeemuu hindandeessu.

6.3.3. Tajaajiltoota Tajaajiluu

Tajaajiltoonni waaqayyoo biraa waldaa kiristiyaanaaf kan kennaman sababa ta’aniif waldaan
kiristiyaanaa warra waamicha kana qaban gargaaruu fi bira dhaabachuu qabu. tajaajiltoota
kununsuun kakuu moofa fi kakuu haaraa keessatti abboommi caafamee jiruudha. Waaqayyoo
goosota Isirael warra 12 keessaa goosa Lewii tajaajilaaf addan baafate. Goosti kun hojii
waaqayyoof waan addaan baafameef goosonni kanbiroon kununsa akka godhaniif abbome.
( S.Lak 18:21; S.Ked10:8-9; Iya 13:4). Faanuma kana duukaa bu’uun Kakuu Haaranwarra
tajaajila wangeelaaf addaan ba’an wangeluma irraa bultoo isaanii akka argatan barsiisa.( Rom
15:24-25; 1Qor 9:8-14; 1Tas 5:13; 1Xim5:17)

6.3.4. Beenyaa/Gatii Tajajilaa

Sagaleen waaqayyoo wa’ee gatii tajaajilaa idoo baay’eti dubbateera. Kunis amanamummaadhaan
warra gooftaa tajajilaniif biya lafaa kanaa fi isa dhufu keessatti gatiin isaani guddaa akka ta’e
dubbata. (Marq 10:29-30). Yeroo keenya guutuu kennuun kan tajaajilu gatiin keenya nama biraa
utuu hinta’in waaqayyoo biraa akka nuuf ta’e beekuun barbaachisaa dha. Nuuf waldaa
kiristiyaanaa caalaatti kan nuuf yaadu waaqayyoo ta’uu isaa beeknee ilaalchi nuuf godhamuu
qabu yoo dhibe illee tajaajila keenya addaan kutuu hinqabnu. Waan nubarbaachisu hundumaa
nuuf keenuuf waaqayyo abbaa barbaade nuuf abboomuu danda’a.( 1Mot 17:6-9,9-15; Neh 2:1-9;
Hage 2:8; H.er 28:2).

Hundumaa irra kan caalu gatin tajaajilaa kan mul’atu gaafa gooftaan ulfinaan deeb’ee
dhufuudha. ( Dan 12:3; 2Xim 2:4:7-8; 1Pex 5:4). Tajaajilli ulfina qabeessa warri tajaajilaniis

109

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

ulfina qaboota. Kanaaf egaa ulfina isa kan waaqyyoo ykn isa kan namaa filachuun qooda keenya.
Gaatii ulfina waaqayyoo eeggana yoo ta’ee goonfoo barabaraa argachuuf jira.

6.4. Tajaajilaa fi Walittidhufeenya Maatii waliin qabu

Tajaajilaan tokko tajaajiluu isaa fuula dura maatii isaaf kununsa barbaachisaa ta’e gochuu qaba.
Tajaajilaan maatii isaa wajjin walittidhufeenya kadhataa, sagalee wayyoo qorachuu hinqabu
taanaan tajaajilli isaa fiixa ba’umsa argachuu hindand’au. Macaafni qulqulluun akka jedhutti ‘
namani mana isaa akka itti bulchu hinbeekne maatii waaqayyoo attsmitti bulchuu danda’aa”
jedha. 1Xim 3:5. Kunis maatiini fi tajaajilli madaalli isaanii eegaanii waliin deemuu akka qaban
dubata. Tajaajilaan yeroo hundumaa tajaajilasaan hidhamee maatii isaa irranfachuu hinqabu.
Matii isaa waliin nyaachuu, gara magaalatti ba’ee bashananuu qaba.

6.5. Tajaajilaan Walittidhufeenya inni Biyya Lafaa wajjin qabu.

Tajaajilaan namoota warra hinamanin jiran gidduu fakeenya gaarii ta’ee jiraachuun deeddeebi’uu
qaba. Phawuloos jireenya tajaajilaan tokko qabaachuu qabu yammuu tarreessuu; ..’ warra alaa
birattii dhugab’umsa gaarii kan qabu jedha..’ 1Xim 3:7. Tajaajilaan warra kiristiyaanummaa
keessa jiran irraa iyyuu darbee warra hinamanin biratti fakeenyummaa gaarii qabachuu qaba.
(Mat 5:13:-16, Rom 12:21Pex 3:13)

Boqonnaa 7: Tajaajilaa fi Ergaa isaa

7.1. Lallaba

Lallabni ‘ Homeletics’ jecha jedhu irraa kan argame yammuu ta’uu afaan Girikiitti Homiliya
jedhama, hikuun isaas waliin duddubachuu, yaada garaa walgeggedaruu, wangeela waliin
haasa’uu agarsiisa.

Lallaba jechuun ergaaa waaqayyoo arkaa fudhachuun namootaaf dabarsuu jechuudha. Tajaajila
Yesuusii fi ergamootaa keessatti lallabni iddoo olaanaa qaba ture. ( Mat 3:1-2; Marq 1:39; H.er
2:14; 8:5;9:20; 17:18)

7.2. Akeeka Lallabaa

Lallabni sababa waltajjii argataniif calisaanii kan dubbatan utuu hinta’in akkeeka qaba.

110

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Yesuusin ulfeessuuf ( Yoh 16:14)


 Namootni fayyina karaa Kiristoos namaaf argame akka argatan gochuuf.( Rom.10:13-17)
 Amantoonni duukabuutota gooftaa akka ta’anii fi gara guutummaa kiristoositti akka
guddatan gochuuf( Efe 3:18-19)

7.3. Goosa Lallabaa

Goosa lallaba garaagaraatu jira.

7.3.1. Yaada kutichaa irratti kan hundaa’e (Textual sermon)

Ijoon yaada laallabichaa fi matadureen isaa kutichuma dubbifame sana keessa kan b’u yammuu
ta’u, lakkobsota tokko oli qabachuu danda’a. (1Pex 4:7-11)

Mata dure: Bara dhumaa keessa attamitti deddeebi’uu qabana.

 Akka nama qalbii qabutti yaaduun(8)


 Kadhachuun (8)
 Waljaalachuun( 8)
 Keessummaa ta’uu keenya beekuu(9)
 Akka kennaa nuuf kennameetti tajaajiluun(10-11)

7.3.2. Lallaba mata duree irratti hundaa’e

Ijoon yaada lallabichaa mataduree sana irraa kan maddu yammuu ta’u, luqisii/ kutaa tokko qofa
iraatti kan murtaa’uu miti. Mataduree sana kan gargaaran kutaa garaagaraa keessaa fudhanna.

Fknf,

Mataduree: humna kadhataa. Irbaata qulqulluu, du’aa ka’uu

7.3.3. Lallaba ibsaan kennaman(Expository)

Lallabni akkasii kun boqonnaa tokko seenaa tooko irrattti kan hundaa’ee yammuu ta’uu kutaa
kana lakobsa lakoobsaan bal’isanii ibsa irratti kennuun lallaba ta’u jechuuudha.

Fknf. Lola hafuuraa ( Efe 6:10-18)

111

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

7.4. lallabaa ( ergamaa)

Lallabaan ergaa waaqayyoo isa dhugaa gara namootaatti kan dabarsu jechuudha. Kanaaf
lallabaan qophaa’ummaa isa barbaachisa.

7.4.1. Akkaataa lallabni itti qophaa’u

 Kennaa lallabaa nama qabu ta’uu qab.


 Sagalee waaqayyoo sirritti nama beeku ta’uu qaba.kanaaf kan gargaaran, kuusaa jechoota
macaafa qulqulluu(Dictionary), yaada beektoota macaafa qulqulluu kanqabu
(Commentary), baafata Xiqsii/Luqisii macaafa qulqulluu fayadamuu.
 Nama kadhatu fi gargaarsa hafuura qulqulluu nama barbaadu ta’uu qaba. Lallabaan
lallabni isaa akka namoota jijjiru infedha yoo ta’e nama kadhataa ta’uu qaba.
 Dhageffatoota isaa beekuu qaba. Beektota, kan hibaratin, warra gaddan, warra cidhaa..
adda baafachuu qaba. Lallabni qophaa’uhubannaa dhageffatoo isaa olii fi gadi ta’uu
hinqabu.
 Utuu lallabuuf hidhufin dura, lallabakeenya sirritti qophaawuu, fakeenya garaagarattii
fayyadamnee ergaa keenya dabarsuus manatti sirritti qophaawuu qabna.
 Akkeeka lallaba keenyna sirritti murteefachuu, yaada gurguddoo ta’an sirriitti jechoota
hubatamoon toora galfachuu. Mataduree isaa, xumuraa isaa sirritti qopheefachuun
jalqabuu.
 Jireenya keenyaaf eeganaa gochuu qabna. Birciqoo xurrii keessa akka nama bishaan
qulqulluu kaa’ee ta’uu hinqabnu.

7.2.4. Akkataa Dhiyeessii Lallabaa

Lallabaaf namni dhaabatu tokko waaqayyoon baka bu’ee dhaabbata waan ta’eef wantoota
armaangadii guutuu qaba.

 Akkaataa uffataa gaarii ta’e. iddoo lallabaa yammuu dhaabanu iji nama hunduma nurra
waan jiruuf, uffannaa keenya, akkataan qabaa rifeensa mataakeenyaa hundi gaarii ta’uu
qaba.

112

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Akkaataa fayadama sagalee. Sagaleen keenya huna oli iyyuudhaan namoota kan jeequ
ta’uu hinqabu, akkasumas gadi bu’ee namootni dhagaa’uu akka hindadhabne gochuu
qabna.
 Sochii qaamaa. Yammuu lallabnu sochiin keenya namoota kan jeequ ta’uu hinqabu.
Waltajii gamaa gamanatti darbuun namootni lallaba keenya irra sochii keenyaan
jeeqamuu hinqaban.
 Dheerina lallabaa. Lallabni keenya dheerinni isaa daqiqaa 45 yoo baayate sa’atii tokko
caaluu hinqabu.
 Sochii ijaa. Yeroo lallabnu iji keenya dhageefatoota keenya irra male lafa ykn bantii
manaa keessa ilaaluu hinqabu.
 Jechoota filachuu. Lallabni keenya yesuus irratti xiyyeffachuu qaba. Namoota harkisuuf
jecha qoosaa fayadamuu indandeenya, garuu baayisuun qaama lallaba isa olaanaa gochuu
hinqabnu. Akkasumas immoo jechoota keenyaaf eegannoo gochuu qabna.

Gaafiwaan keessa deebii ( Tajaajilaa fi Tajajila isaa)

Dhugaa ykn Soba jedhii deebisi

1.________waamicha dhugaa kiristiyaanni qabu tokko tajaajila isaa keessatti ija baay’ee
godhchuu fi bu’aa argamsiisuu isaan beekama.

2. _______Lallabaan dhugaa waaqayyoo namootatti kan dabarsuu dha.

3. _______ Kakuu Moofaa fi Haaraa yammuu ilaallu waaqayyo namoota baay’eedhaaf mul’ata
kenna.

4. _______Namootni Gooftaa Yesuusitti amanuun Hafuura qulqulluun lammaffaa dhalatan


tajaajilaaf waamamaniiru.

5. _______Tajaajilaa ta’uu jechuun aboo fudhachuu jechuu dha.

Walitti firoomsi

A B

__6. Kiristiyaana waamicha tajaajilaa qabu A. Dibamuu

113

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

__7. Guufuu tajaajilaa B. Barsiisuu

__8. Addaba’ee, Muudamee, filamee, sinboo argate C. Fedhiin warra tajaajilan

__9. Hojii mataa isaanii hojjechaa kan tajaajilan D. Ba’aa tajaajilaa

__10. Waliin hasa’uu yknwangeela walitti dudubachuu E. Yeroo guutuu kan tajaajilan

F. Horii jaallachuu

G. Lallaba( Homiletics)

Qubee Isa deebii Sirrii qabu filadhu

11. kan nuti tajaajillu eenyu?

A/ Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos

B/ Waldaa Kiristiyaanaa

C/ A fi B deebii sirrii dha.

12. Kakuu Moofaas ta’e Kakuu Haaraa keessatti waaqayyo hojii isaatiif utuun namoota addaan
basee waamuu argin. Waamichi kun maal jedhamaa?

A/ Waamicha waaqummaa

B/ Waamicha fayyinaa

C/ waamicha tajaajilaa

D/ hunduu deebii dha.

13. Amala nama waaqayyoon dibamee kan hinta’in isa kami?

A/ kennaa namoota kan biraa kabaja

B/ tajaajila ofii isaaf infalmata

C/ sagalee waaqayyoo fi Kadhatatti iddoo guddaa kenna

114

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

D/ Tajaajilichi kan Gooftaa malee kan ofii isaa akka hintaane beeka.

14. Maliif tajaajilaa?

A/ fedha/abbommi Gooftaa waan ta’eef

B/ waliwaliikeenya jabeessuuf

C/ Badhaasa sababa qabuuf

D/ Hunduu deebii dha.

15. Tajaajilli macaafa qulqulluu irratti hundaa’ee waaqayyoon ulfeessu isa kami?

A/ Kadhata

B/ Sagalee waaqayyoo

C/ Hafuura qulqulluu

D/ Hunduu deebii dha.

16. waaqayyo biraa kan namaaf kennamu, isa fudhatuuf mijawaa ta’ee qophaa’ee kan namaaf
kennamu maal jedhamaa?

A/ Waamicha

B/ Galfata

C/ Mul’ata

D/ Hunduu deebii dha

17. Amala tajaajila Kakuu haaraa

A/ Tajaajila Hafuura

B/ Tajaajila qajeelummaa

C/ tajaajila jabaatee ittifufu

115

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

D/ Hunduu deebii dha.

Gaafii armaan gadi jiraniif deebii sirri kenni

19. tajajilaa ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e ibsi?

20. Mallattoo nama waamicha Tajaajilaa qabu keessaa 4 barreessi?

116

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Barumsa 5: Gaa’elaa fi Maatii Kiristiyaanaa

Boqonnaa 1: Gaa’ela

Waaqayyoo nama akka bifaa isaa fi fakeenya isaatti yammuu uume umama hundumaa irratti
aboo yammuu keenne dhaabata sadi bu’uurresseefii akka ta’e baay’een itti waliif galu. Akkeeka
waaqayyoo isa barabaraakeessatti kan hundeeffaman dhaabatni 1. Maatii. 2. Mootummaa 3.
waldaa Kiristiyaanaatti. Ammaaf kan nuti ilaallu dhimma maatii gaa’elan hundeeffamaniiti.

1.2. Gosawan Gaa’elaa

Ga’ela garaagaraatu jiru. Isanis

1.2.1. Gaa’ela dabalataa

Gaa’elli dabalataa Dhiirri tokko ykn Dubartiin tokko yeroo tokkotii hadhamanaa lamaa fi isaa oli
ykn abbaa manaa lamaa olitti herumtee kan ittinjiraatan gaa’ela aadaa yammuu ta’uu akeeka
gaa’ela waaqayyoo dhaabe isa jalqabaa wajjin kan walfaallessuu fi kuufaatii dhala namaa wajjin
walqabatee kan dhufeedha. Kakuu moofaa yammuu qorannuu nama Laamek jedhamuun kan
jalqabe ( S.Um4:23)yammuu ta’uu, oolee bulee mana Isiraeliin warra hundeessan kan akka
Abriham, Yisihaaqi fi Yaa’iqob ffaa, akkasumas immoo Mooticha Dawit,Solomon fi kan kana
fakaatan namoota gurgoddoon ittin kan qabamaniidha. Gaa’elli dabalataa kun seera waaqayyoo
cabsuun akka yaada namaatti kanraawwataman yammuu ta’an, saba kakuu warra ta’an saba
Isiraeliin kufaatii baay’ee dhaaf akka saxile argina. (1Mot 11:1-5). Gaa’elli dabalataa kun karaa
dhiiraa qofa kan ilaalamu mit. Karaa dubartiis si’a tokkotti dhiira tokko olitti herumanii kan
jiraatan jiru (Polyandry). Kanaaf karaa lachanuu ilaaluudhaan akka sagalee waaqayyootti
serrefama ittigochuun barbaachisaa dha.

1.2.2. Gaa’ela yeroodhaaf waliifigalan ( Contract Marriage)

Gaa’elli kun dhiira tokkoo fi dubartii tokko gidduutti yeroodhaaf waligalanii walitti hidhamanii
kan jiraatanii dha. Jarri kun yeroo waliin turan keessatti waligaltee yoo qabaatan yeroo
waliwajjin jiraatan dheereffachuu danda’u. yoo walita’uu didan immoo diiganii kan biraa
fuudhuu ykn herumu danda’u jechuu dha. Gaa’elli akkasii kun bu’aa irratti kan hundaa’eedha.
Amalli gaa’ela kanaa “ jireenya waliin, baasiin dhuunfaan” isa jedhu qajelfama qaba.

117

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.2.3. Butii ( Forced marriage)

Ga’elli butiin ta’u kun sababii garaagaratiin warra waljaallatan gidduu galee inni tokko yoo
isheen didde humnaan fudhatee isa galuudha.

1.2.4. Gaa’ela Dhaalaan ta’u( Inheritted marriage)

Dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko gaa’elaan utuu waliin jiraatanii utuu dhala hingodhatin inni
dhiiraa yoo irraa du’e sanyii isaa baka bu’ee akka ittifufuu fi yoo ijoollee godhatanii jiraatan
immoo hatimanaa fi ijoolleen ishee bakkeetti akka inbittinoofneef jecha obolaa isaa keessa
tokkotti ykn fira itti dhidhiwoo ta’etti herumsiisu. Kun karaa Musee abbommi saba israeliif
kennamee rawatamaa tureedha.S.kes 25:5-6). Kakuu haaraa kessatti garuu gaa’elli akkasii kun
utuu rawatamus ta’e utuu ayyamamuu hinarginu.( Mat 22:23-30; Mar 6:17-18)

1.2.5. Gaa’ela Saala Walfakkaataa

Gaa’elli akkasii kun bu’uura macaafa qulqulluu rawwatee kan ofkeessaa hinqabne, faallaa
macaafa qulqulluu kan ta’e bara darbe keessas ta’e bara ammaa kanakeessa gaa’ela jiran keessaa
baay’ee badaa kan ta’e saala walfakaatuun gaa’ela geggeefamuu dha. Gaa’ella akkasii kana
raawachuun macaafa qulqulluu keessaatti waaqayyoon kan dheekamsiisuu fi kan dhowame yoo
ta’e illee, namoota warra sodomiin jalqabamee (S.Lew 18:22); mata jabina namaa fi haminya
namaa irraa kan ka’e hida yafataa dhufe( S.Um 13:13; 19:5; A.Fir 19:22). Bara kana keessa
immoo biyya mirgi namaa waan barbaade hojjechuuf itti eegame keessatti fudhatama qabaachaa
dhufeera. Gochaan kun waldaa kiristiyaanaa illee qoraa jira. Sababa kanaaf waldaan kiristiyanaa
bakka buutuu waaqayyoo taatee biyya lafaa kana keessa waan jiraatuuf gochaa hamaa fi fokisaa
kana cimtee ittin mormuu qabdi. Amantoonnis dubbii waaqayyoo isa dhugaa fi hafuura
qulqulluun eegamntee jiraachuu qabdi.

1.2.6. Gaa’ela akka Macaafa Qulqulluutti/ kan Kiristiyaanaa

Gaa’elli Kiristiyaanaa dhiira amanaa ta’ee fi dubartii amantuu taate tokko giddutti jireenya
isaanii qulqullummaan eegachaa turanii, waaqayyoo fi waldaa kiristiyaanaa durati kakuu waliif
galuun sirna isa waldaa kiristiyaanaatin namoota muudamanin kan rawwatamuudha. ( S.Um
1:27-28; 2:24; Mat 19:6; Efe 5:22-33; 1Pex 3:7). Akka barsiisa macaafa qulqulluutti gaa’elli
kiristiyaanaa lammaanuun isaanii walii isaniif kan ofkennan, waliwali isaniif kabaja kan qaban,

118

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

walqixummaan kan jiraatan fi jaalalii fi tokkummaan dhugaa isaan keessa kan buufte yammuu
ta’an, abbaa fi haati gidduu kan hingalle walitti maxanuu fi foon tokko ta’anii walitti makamuun
waaqayyoon kan ulfeessan qulqulluu fi kakuu ulfina qabeessa.

1.2.6.1. Akeeka Gaa’ela Kiristiyaanaa.

A/ Tokkummaa Uumuuf

namani akka bifa fi fakeenya waaqayyootti umamee umamma hundumaa irratti aboo yammuu
kenneef hiri’na tokko keessatti arge. Kanaaf namni qophaa isaa ta’uun gaarii miti kan isa
gargaraartu isaaf nan umma jedhe. Kun yaada waaqayyoo saala fallaa ta’eef qabu agarsiisa.
(S.um 2:18). Gaa’elli kirstiyaanaa jaalala dhugaa bu’uurefatee abban manaa fi haati manaa ofi
isaani asrsaa waliif gochuu dhaan kan jiraataniidha.

B/ Sanyii itti fufsiisuuf

Dhiirri tokko fi dubarri tokko kakuu gaa’elaa keessa yammuu jiraatanitti waaqayyo dhala isaaniif
kennuu dhaaf indanda’a. Akeeka waaqayyo gaa’ela keessatti qabu inni tokko namni biya lafaa
kana irratti akka bayyatuudha. (S.um1:27-28; Milk 2:15). Namni hundinuu karaa hinbeekamne
dhala godhachuu yoo dadhabe, ijoollee hingodhatin yoo hafe, ijoolleen gammachuu maatii kan
baayisanii dha malee akka bu’uura gaa’elatti hinilaalaman. Bakka qaawwi akkasii jirutti
kiristiyaanotni ijoollee xiqoo fudhatanii guddisuun walin jiraachuu ni danda’u.

C/ Eebba dhaaluuf

Abbaan manaa fi haati manaa kakuu gaa’ela isaanii keessatti eebba hafuuraa fi eebba foonii
akka eebbifamaniif darbanis warra kan biroodhaaf eebba akka ta’aniif akeeka waaqayyooti.
Gaa’elli karaa ittin eebba argannu keessa tokko. ( M. Fk 18:22)

D/ Gammachuu Salqunnamtiif.

Akeekni gaa’ela keessa jiru in kan biraan abbaan manaa fi hatimanaa gaa’ela isaanii keessatti
saalqunnamtiitti akka gammadaniif. Namni karaa sirrii ta’een gammachuu akka barbaaduuf
argatees akka ittigammaduuf waaqayyotu godhe. Dhala namaaf gammachuu yeroo kennuuf
salqunamtiin iddo guddaa qaba. ( S.Um 2:25; Fkn 5:15-19; W.Wed 7:6-12). Saalqunnamtiin
keena waaqayyoo isa dinqisiisaa dha malee yelaasisaa miti.

119

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

E/ Fakeenya Jaalala Kiristoosii fi Wladaa Kiristiyaanaati.

Barsiisi kakuu haaraa kan nuuf jabeessan kiristoos waldaa kiristiyanaaf jalal gadifagoo inni qabu
irra kan ka’e ishee fayyisuudhaaf, ishee qulleessuuf, ishee sooruuf jaallatee ofii isaa aarsaa
godhee akkuma kenne, gaa’ela kiristiyaanaatiin kan walitti hidhaman abbaan manaa fi haati
amanaas waliwali isaaniif aarsaa ofgochuun jaalala isaan waliif qabaniin iasa kaaniif
nagaa,gammachuu qulqullummaa sababa ta’u qabu(Efe. 5:25-33)

1.3. Gaa’elli ulfina qabeessa ta’uu isaa

Gaa’elli waaqayyoo ulfina isaa hiruudhaan isa uume dhala namaatii kan qopheesse kennaa
dinqisiisaa ta’uu isaa irra darbee, akkeeka isaa isa barabaraa yaada isaa ulfina ofii isaatiif kan
qopheeffate waan ta’eef ulfinaaqabeessaa fi qulqulluu dha.

Gaa’elli wantoota cubbuun balleesse keessaa tokko yoo ta’e illee qulqullinaan jalqabuu,
qulqullummaan keessa jiraachuu fi rawatamuu kan qabu ta’uu isaa irra darbee iyyuu eegumsi
waaqayyoo akka godhamuuf dubbata. Ib.13:14.

Akkasumas walittidhufeenya gaa’elaa keessa jiraachuu kan qabu qulqullummaa fi qajeelfama


maatii tasgabaa’e kennameera ( 1Qor 7:1-40; Efe 5:22-33; Qol 3:18-21)

Boqonnaa 2: Gaa’elaan Dura

Namni tokko umuriin isaaa gaa’elaaf gaafa ga’uugaafiin gaafatamuu jalqabu, eenuunan fuudha?
Yooman fuudha?kan jedhu gaafii ijoodha. Yoomana fuudha isa jedhuuf mootonni seera isaanii
keessatti kan baasanii aadaan umatichaa ilaalamuu danda’a. Akka seera maatii Itophiyaatti,
namni tokko gara ittigafatamaa dhufuudhaf, umuuriin isaa 21 ta’uu qaba.Kiristiyaanni tokko
yoom fuudhuu akka qabu akn murteessuu Waaqayyoo dha.( M.Lal 3:1,11)

Eenyyunan fuudha? Amanaan tokko gaa’elaaf kanan filadhu nama attami ta’uu qaba? Madaalli
isaas maali?Jedhee gaafachuun isaa hinafu.Namani uumama qaama foonii fi hafuuraa qabu ta’ee
waan umameef, gaa’elli wanta bakkeedhaan mul’atu qofa ilaalanii raawachuun hinta’u.gaaelli
garaa dhaan walitti maxanuu waan ta’eef. 1Sam 16: 7; Erm 17:9-10), yeroo filannoo rawwatanii
waaqayyo irratti hirkachuun barbaachisaadha. S.Um 2:18, Far 127:1-2; Fak 19:14), kun ta’ees

120

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

garu, amanan tokko rawwatee nama hinamaninii wajiin walitti hidhamuu hinqabu.( 2Qor 6:14-
16).

Gaa’elaan dura kan nuti jennu, dhiirri tokkoo fi mucaan durbaa tokko gara fuula duraatti ga’ela
dhabachuuf kan walfilatan yammuu ta’uu, gara gaa’ellatti utuu hinseenin dura yeroo isaan
waliiwajjin dabarsan yeroo itti walqorataaniidha. Hata’uu iyyuu malee filmaata dura
waaqayyoon kadhachuu isaan barbaachisa.

2.1 Hiriyaa Gaa’elaa attamitti filannaa? Ulaagalee hiriyaa gaa’ela ittin filatan.

Waa’ee gaa’elaa gaafa yaadnu gaa’elli keenya hanga dhumaatti jabaatee akka dhaabatuuf
ulagaalee macaafa qulqulluun kaa’uu dagachuu hinqabnu.

2.1.1. Filannoon eenymmaa isa keessaan malee isa bakkeedhaan mul’atu qofa ilaaluun
akka hinudoofne eegannaa gochuu.

Filannoo gaa’elaa keessa haalli bakkedhaan mul’atuu ga’ee mataa isaanii yoo qabaatan illee,
midhagina keessaa, midhagina yaadaa, nama amantii fi namaaf ho’uu kan qabdu/bu, akkasumas
immoo hojii kan qabbu/du ta’uun madaalmuu qaba. Waaqayyo obolleetota warra wanta karaa
bakkeen ilaalamu qofa irratti xiyyeffatanin akkas jedhe: 1Pex 3:3-4; S.Um 24:13-20; Rut 3:10)

2.1.2. Gaa’elaaf namani yaadame/te sun amanaa ta’uu isaa/ ta’uu ishee mirkaneeffachuu

Gaa’elli kirstiyaanaa walitti dhufeenya kakuun ta’uu waan ta’eef rawaatamuu kan qabu namoota
saalaan adda adda ta’an dhiira tokkoo fi dubara tokko gidduutti. S.Um 24:3-4; A.Fir 14:1-3;
2Qor 6: 14-16).Amanaan tokko jireenya hafuuraa keessa waan jiraatuuf, warra akka biya lafaa
ishee darbitu kanaatti jiraatanii wajjin walitti hidhamuu hinqabu.Hojiidhaan
hawaasummaadhaan, hawaasummaadhaan garuu walkeessa jirachuu nidandeenya. Gaa’elli
kakuu bara jireenya namaa guutuu waan ta’eef karaa hintaane irra deemanii dogogora erga
raawatanii booda walhiikaadhaan sirreessuu waan hindandeenyeef, utuu hinmurteessin dara irra
deddebi’anii itti yaaduun barbaachisaa dha.

121

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.1.3. Gara fuula duraatti kan waliin jiraachuuf abdachiisan warra jaalala dhugaatiin
walitii dhufaanii dha malee, warra dhiibbaa waa biraatiin walitti dhufan miti.

Dhiira tokkoo fi dubara tokko gidduuttii walbarbaaduunii fi walfedhedhuun umaamaan waan


nama keessa jiru waan ta’eef cubbuu hinqabu. Yaadni gaa’elaa abbaa tokko keessaa gaafa dursee
dhufu, gaafiin gaafatamuu qabu nama kana nanjaalladhaa ?isa jedhu ta’uu qaba malee namni kun
qabeenyaa qabaa/qabdii ykn immoo sanyii warra kami keessaati jedhanii gaafatamuu hinqabu.
Yaada bu’aa dhuunfaa nama tokkoo kan degeraan shaakalli garaa garaa waldaa keessatti kan
mul’ataa jiran jiru, dhumni adeemsa akkasii garuu baa’ee yellaasisaa kan ta’a baayy’eedha. Isaan
akkaasii keessaa tokko yo ilaallee: egaa raajjiitti fayadamuun waaqayyo siin naaf kennee, ykn
immoo waaqayyoo abaluun siif keenneera jedhanii nuti raajota kan ofiin jedhan kan
ittifayadaman gochaa yellaasisaadha. Tajaajiltoonnii tokko tokko dubara barbaadan tokko
fuuudhuuf jecha sobaan kan fayadaman jiru. Namani tokko jaalala utuu hinqabatin gaa’elaan isa
kan biraatti hidhamee nagaa fi ebba ga’ela keessa jiru nan argadha jechuun rakkisaa waan ta’eef
namni hundinuu ofii isaa eeggachuu qaba. Haala akkasiin gaa;eela keessa bu’anii oolee utuu
hinbulin rakkoon yammuu mudachuu jalaqabu waaqayyoo attamitti haala kana keessa nagalchee
jedhanii waaqayyoon gaddisiisuu irraa dursanii ittigaafatama isaa fudhachuun gaariidha.

2.1.4. Bilchinaa fi qophaawummaa qabaachuu keenya madaaluu

Gaa’elli jireenya maatii seera qabeessa ta’e tokko uumanaii jiraachuu waan ta’eef
ittigaafatamummaa barbaachisaa ta’e ittifufee fudhachuu nandanda’a isa jedhu ofgafachuun
barbaachisaadha.Kunis bilchina qaamaa, bilchina sammuu fi bilchina hafuuraa walittiqabata.
Seenaan isaan keessatti guddatan, ilaalchi isaanii, sadarkaan beekumsa isaanii fi haala isaan
keessatti guddatan aadaa adda addaa waan qbaniif, jarri kun lamaan bore foon tokko ta’anii mana
waliin dhaabbatanii jirachuuf walittidhufu waan ta’eef garaagarummaa jiru danda’anii jaalalan
walitti hidhamanii jiraachuuf bilchina isaan barbaachisa. Kun jechuun rakkoo tokko malee
guutuu taanee jiraanna jechuus mit.

2.1.5. Gorsa dhuga ba’umsa Hafuura qulqulluu fi gorsa namoota bilchatoo fudhachuu.

Amanaan tokko nama hafuura qulqulluun keessa jiraatu waan ta’eef gaa’ela dabalatee murtii
barbaachisa godhu tokko keessaatti qajeelfamaa fi dhugaba’umsaa hafuura qulqulluu qabaachuu
qaba. Hojiin hafuura qulqulluu inni guddaan amantoota gara dhugaatti geessuu waan ta’eef,

122

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

qajeelfama isaa fudhachhf qophaa’uun barbaachisaadha.(Yoh 16:13, Rom 8:14. 1Qor 6:19-20).
Garadhumaatti dhimmi kanaa wajjin kallattiidhaan walittidhufeenya kan hinqabne namoota
hafuuraa warra ta’aan tajaajiltootaa fi gorsiitoota gaa’eelaa irraa gorsa fudhachuu, gara dhumaatti
murtoo ofiikeenyaa fudhachuu qabna. M. Fak 15:5.

2.1.6. Fedha Waaqayyoo ta’uu isaa mirkaneeffachuu

Gaa’eelli walittidhufeenya umuurii guutuu waan ta’eef akka tasaa jalqabamuu hinqabu.Isa
gaa’ela bu’uurressee, eegu, fi kununsuu Waaqayyoon fedha isaa beekuun baay’ee barbaachisaa
dha.Kana hubachuufis tasgabboofnee waaqayyoon dura turree kadhachuu qabna.M.Lal 2:23.
Ya’i, 4:13-15 irra qajeelfama jiruu hubachuun barbaachisaa dha,

2.1.7. Fedha Waaqayyoo attamitti beekuu dandeenyaa?

Waaqayyoo fedha isaa hubatanii abbomamuuf warra barbaadan qulqullootaa isaatti fedha isaa
mul’isuu qofa utuu hinta’in, feha isaa kan beekuuf maal gochuun akka ta’uu karaa dubbii isaa
inmul’isa. Kanaaf fedha Waaqayyoo beekanii duukaa bu’uu warri barabaadan, dursanii
waaqayyoon barbaadachuu, kadhata gargar hincinne qabaachuu, waan hundumaaf Waaqayyoon
galateeffachuu, haraa’umsa yaadaa qabaachuu, Waaqayyoo fi namoota kan biroof eebba ta’uu,
Waaqayyoo isa isaan kadahatanii fi gaafatanniin oli baayisee akka isaaniif gochuu danda’u
beekuu dha. (M.Fak 15:22, Far 143: 10, Rom 12:1-2, 1Qor 10:31, 1Tas 5:17),

2.1.7. Kallatti ittin Waaqayyoo fedha isaa namatti mul’isu.

Waaqyyoo macaafa qulqulluu keessatti saba kakuu isaa warra ta’aniif karaa garaagaraa fedha
isaa itti mul’isaa tureera. Waaqayyoo karaa Sagalee isaa, abjuudhaan, mul’ataan, karaa raajotaa,
karaa geggeessaa hafuuraa, karaa namoota waaqayyoo warra ta’anii, haalota garaagaraatii
fayyadamee feha mul’isaa tureera. S,Um12:1-3, S.Ba 18: 13-27, A.Fi 7:9-15, Rut 2:8-23, Iyob
33:14-15, H.er 10:10-23)
2.1.9. Fedhaa Waaqayyoof abbomamuu

Fedha Waaqayyoo beekuu qofti gaa’aa miti.Fedha isaa beekaanii raawachuun garuu eebba fida.
Amantoonni fedha waaqayyoo guutummaa jireenya isaaniif beekuu qabuu qabuu, keesssummaa
immoo murtoo gaa’eelaa isaaniifcimsanii barbaaduu qabu. Fedha Waaqayyoo barbaaduu fi

123

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

beekuun jireenyaaf kaninni ta’uu danda’u abbomamuun yoo jiraate qofa.( Far 40:8, Mat 7:21, Ib.
10:38).

2.2. Hiriyaa Gaa’elaa filachuu keessatti eeggannoo godhamuu qaban

2.2.1 Ilaalcha akka tasaan kan dhufu jaalala irraa ofeeggachu.

Saala garaagara ta’e giddutti walbarbaaduunii fi wal hawuun umamumaan waan jiruuf dha.
Sababa kanaaf wanti akkasii kun yeroo fi iddoo isaa malee yammuu nutti dhufan akka waan
cubbuu hojjenneetti of ceephawuu keenya irra akka sagalee waaqayyootti madaallee ilaaluu
qabana. Jaalalli hundinuu waaqayyoo biraa kan nutti nufu ta’uu dhiisuu danda’a. Namuma argine
hundumaa kan jaallannu yoo ta’ee yookaan immoo jaalallee nama kan biraa kan nujaallachiisuu
yoo ta’e, fedha waaqayyoo miti waan ta’eef baqachuu qabna. 2Sam 13:1-15, 2Xim 2:22

2.2.2. Dhiirri fi dubari tokkoo iddoo namni nama hinargine keessaa waliin turuu irraa
eeggachuu.

Beellamni dhokataan walittidhufeenya hintaaneef karaa waan banuuf eggachuu qabna. Yeroo
walbaruu keessaa gara fuulaa duraattii waliwajjin jiraanna waan ta’eef jechuu irraa kan ka’ee
namootni yeroo walargani fi yeroo gargarba’an waldhungachuun baayataa jira. Kun immoo
gaafii kan biraa dudduuba isaatii harkisee fidaa jira. Innis gaa’elatti galee walhiiku irraa
walfudhachuu fi walfudhachuu dhiisuu keenya beekuuf ammuma wal ilaalla jechuun
salqunnamtii keessa galuu jalaqabu.Gara fuula duratti gaa’ela waaqayyoo eebbisee keessa
jirachuu amantoonni barbaadan cubbuu akkasii irraa eggachuu qabu. Gaa’elaan dura
waldhungachuu fi salqunamtii gochuun fedha waaqayyoo kan hintaanee fi cubbuu ta’uu isara
darbee iyyuu dhukuba dadarbaa saalaa kan akka HIV AIDS iif kan nama saaxilu ta’ee mul’ata.
Gaa’ela keenya dura isa ulfina laanneef Gooftaa sanatu bara jireenya gaa’ela keenyaa keessa nu
ulfeessa. (S.Kes 22:20-21; 1Sam2:30, H.er 15:29; 1Qor 6: 19-20; 1Pex 1: 15-16; Mul 6:20-26).

3. Yeroo Kadhimummaa

Kadhimummaan balbala gara gaa’elaattii nama geessuu jechuun indanda’ama. Kun jechuun
kakuu gaa’ela keenya gara fuula duraaf ulaagaa nubarbaachisan yeroo itti mijeffanuu dha.
Guyyaa cidha gaa’eelaa raawwannee kaafnee mana keenya geggeeffachuu fi namoota kan biro

124

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

nuwaliin jiraatananii fi ittigaafatama waan fudhannuuf dursanii qophii barbaachisaa gochuun


barbaachisaa dha.

3.1. Bilchina Qaamaa.

Namni tokko guddina qaamaa isaan gaa’elaaf ga’uun isaa beekama. Sadarkaa guddinaa kana kan
macaafni qulqulluun akkasitti ibsa. (1Qor 7:36), guutummaan qaama keenyaa ga’umsa yaadaa fi
ga’umsa hafuuraaf bu’uura. Sababi isaa gaa’ela kessaatti wantoota rawaataman keessa tokko
saalqunnamtiin tokko waan ta’eef dhiirri tokko kan gochuudhaaf jabina qaamaa isaa barbaada,
akasumas immo dubarii tokko qamaan ga’uun salqunamtii rawattee mucaa godhachuudhaaf,
garaatti ji’a ja’a bachuu, miixattee da’uu danda’uuf ittigafatamaaf kennaa akkasiittu ishee
eeggata waan ta’eef.

3.2. Bilchina Yaadaa

Gaa’elli kam iyyuu wal’ansoo keessaa fi alaatiif carraa saxalamu qaba.Abbaa manaa fi haati
manaa walittidhufeenyi isaanii jabaatee akka ittifufuuf, akkasumas immoo ofii isaani irra darbee
iyyuu ijoollee isaanii, maatii isaanii, firoota isaanii gargaaruuf ittigafatama waan fudhataniif,
kana hundumaa madaallin gochuuf bilchina barbaada.Phaawuloos waa’ee kanaa yammuu
dubatu, (1Qor 13:11), yeroo hundumaa dandii guddinaa keessa jiraachuu isaa mul’isa. Yeroo
hundumaa kan nu qunnaman bu’aa ba’ii jireenyaa keessa darbuuf bichina yaada nubarbaada.

2.3.3. Bilchina Hafuuraa

Bilchinni hafuuraa amanaan tokko fedha Waaqayyoo beekee, abboomame jiraachuuf adeemsa
inni godhu hundumaa keessatti hafuura qulqulluun hojii inni isa keessatti hojjetuudha. Maatiin
kiristiyaanaa tokko wallaansoo jireenya isaa isa lafa irraa kana mo’atee, jireenya hiika qabu
jiraachuudhaaf jiraanya lafa irraaf kan ta’u sabab isaaf guutameef qofa utuu hinta’in bilchina
hafuuraa qabaachuun akka sagalee Waaqayyootti yaaduu fi raawachuuf yaada bilchaataa,
hubatnaa fi ogummaa yeroo horatu qofa akka ta’ee beekuun barbaachisaa dha. Guddinni
hafuuraa yeroo tokkotti ykn yeroodheerinaan kan dhufu utuu hinta’in, akka sagaleen Waaqayyoo
barsiisutti yeroo hundumaa sagalee isaatiin guutamuudhaan, jireenya kadhaataa fi waaqeffannaa
shaakaluudhaan, qulqullummaa fi jireenya qajeelummaa jiraachuudhaadhaan,guutummaa

125

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

jireenya ofii waaqayyoo kennuudhaan, ija hafuuraa naqachuudhaan kan ta’u dha. Rom 8:14, Gal
5:22; Qol.1:9-10; Qol.2:6-7; 3:12:17; 2Pex 1:5-8; 3:18.

2.3.4. Qabeenyaan qophaa’uu

Namni yammuu biyya lafaa kan irra jiraatuu wantoonni bu’uura qabeessi isaan barbaachisu;
nyaata, uffataa fi iddoon bultii dirqamaan qabaaachuu qaba.Namootni gaa’eelaaf waliwajjin
jiraachuuf waljaallatan immoo jaalala qabaachuu isaanii qofa ilaaluu utuu hinta’in ofdanda’anii
jireenya mana isaanii geggeeffachuuf waan ittin jiraatan qabaachuu qabu. Kana yaaduun
namoota tokko tokkotti amantii dhabuu kan ittifaakaatu jira, garuu sammuu waaqayyoo nuuf
kenneetti fayyadamuudhaan maatii waaqayyo harkaa fudhanne ittigafatama keenya ba’uudha.

2.4. Yeroo Kadhimummaa eegannoo godhamu

Yeroon kadhimmummaa yeroo itti jireenya garafuuladuraatti jiraachuuf jiraniif walbaruu isaanii
ittifufan, yeroo itti ofqopheessan ta’uu isaa beekanii wantoota hundumaa eegannoodhaan
qababiidha. Eeggannoon barbaachisanis:-

2.4.1. Yeroo kadhimmummaa fi Yeroo gaa’elaa gidduu garaagarumma bal’aatu jira. Kadhimaa
ta’uu jechuun abbaa manaa fi haadha manaa ta’uu jechuu akka hintaane beekuu qabana.

2.4.2. Waaqayyoo gaa’ela isaanii isa gara booddee akka eebbisuuf kadhachuun barbaachisaa dha.

2.4.3. Waa’ee jireenya amma keessa jirtaniifi gara fuula duraatti jireenya wallaansoo ittin qabuuf
jiraniif mareedhaan ifaa waliif ta’uu qabu. Gara fuuladuraatti walittidhufeenya isaanii irratti
wantoota dhiibbaa uumuu dnada’an irratti ifaan waliin haasa’uu qabu.

2.5. Rakkoo mudachuu danda’anii fi furmaata isaa

Yeroo kadhimummaa keessaa yeroo walittidhiyaataa adeeman waa’ee walii isaanii hubannoo
ga’aa argachuu jalqabu. Wal irraa yeroo fagaatanii wal ilaalaa turan wanti hinmul’atin ture amma
akka keessumatti mumul’achuu yammuu jalqaban rifannaa isaanitti fida. Yeroo yadi isaanii
gargar ta’u, karaa lamaanuu dubbannaan isaanii garaagara yammuu ta’uu jalqabu
walittibu’insatu ta’uu jalqaba. Yeroo kadhimummaa keessa walitti bu’insaaf ka’umsa kan ta’an,
bellama kabajuu dhiisuu, utuu waliin hasa’aa jiranii nama kan biraa ilaallachuu jalqabuu, waa’ee
ofii guddaa godhanii himuu jalqabuu, kennaa isa waliif kennaan irra deddeebi’anii dubbachuu

126

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

jalqabuu, dhoksaa waliin duddubatan nama kan biraatti dubbachuu jalqabuu, maatii fi fira gidduu
galchuu jalqabuu,kkf, mulachuu jalqaba. Yeroo akkasii kana keessa garlachuu iyyuu dadhabbii
mataa isaa danda’e akka qabu beekee quba isaa isa tokkotti qabuu irraa dhadhabbiin koo maal
jedhee ofgaafachuu qaba. Ofii ofii ka’umsa rakkoo Sanaa fi furmaata rakkoo Sanaa godhanii of
ilaaluun caalatti iyyuu rakinicha babal’isa. Sababa kanaaf:

A. Tasgaba’anii ka’umsa rakko Sanaa waliin barbadanii argachuu


B. Kallatti furmaataa kan agarsiisan walin ta’anii filachuu
C. Nama sadaffaa utuu gidduu hingalchiin walamantaadhaan dhiifama waliif gachuun
walittidhufeenya isaanii jabeefachuu.
D. Rakkinicha waliin furachuu yoo dadhaban nama gaa’ela irratti gorsaa ta’e kan
ittidhiyaatan biraa dhaqanii gorsa fudhachuun gaariidha.
E. Cidhi gammachuudhaaf malee kan ittidhiphatanii liqii of irra tuulan ta’uu akka hinqabne
beekanii akka human isaniitti cidha isaanii godhachuu qabu.

2.6. Kadhimummaa isaanii gargar kutuuf wantoota isaan dirqisiisan.

Walin mariachuun kan isaan hiikuu danda’an olitti kan ilaallee biratti rakkoo walxaxaa ta’anii
kan mul’atan jiraachuu danda’u.mareen yoo hiikamuu hindanda’u ta’e rakkina sana fudhatanii
gara gaa’elatti seenuu irraa walittidhufeenya kadhimummaa isaanii gargarkutuun dirqama ta’a.
rakkowan kana keessaa gurguddoon isaanii:-

A. Dhukuba dadarbaan kara gam tokko yammuu mul’atu. Ittigafatama isaa fudheen ittifufa
kan jedhu yoo jiraate garuu waldaan kiristiyaanaa ittigafatama ishee qofa baati.
B. Waliin jiraachuuf kan isaan hindandeessifne amalli rakkisaan dhuunfaa yoo jiraate fi
dhiifama waliif gochuun hindanda’amu yoo ta’e.
C. Jalqabatti miiraan jalqabanii booda garuu fedha waaqayyo akka hintaane karaa garagaraa
yammuu hubatan
D. Inni tokko ykn lachuun isaanii fedha fooniin amanamummaa yoo dhabe.
E. Inno tokko gooftaa dhiisee booddee yoo deebi’e, walittidhufeenya madalamaa ta’uu
dadhaba.

Yeroo akkasii walfuudhanii bara isaanii guutuu gaddaa hafuu irra nagaadhaan yeroo
kadhimummaa isaanii gargar kutuu qabu. Sababi isaa gaa’elli hamma dhuma jireenya ofiitti

127

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

waliinjiraachuudhaaf kakuudhaan waaqayyoo fi qulqulloota duratti kan ittin walitti hidhaman


waan ta’eef.

2.7. Cidhaa fi Afeerraa

Cidhi jireenya dhala namaa keessaatti yeroo tokkicha wantoota rawwataman keessaa tokko akka
ta’e baay’een itti waliif galu. Akka aadaa biyya keenyaatti namani tokko dhalatee guddatee, hojii
mataa isaa qabaatee, gaa’elatti yammuu seenuu “ mana ba’e” jedhama. Cidha godhachuun
bu’uura macaafa qulqulluu ta’uu isaa kotaa tokko tokko irraa inargina. S.Um 29: 18-30, Mat
22:2; Yoh 2:1.

Cidha godhachuun sirna ittin gara gaa’elatti seenani malee, ofii isaaf ga’ela hin ta’u.sababii
kanaaf akka human keenyatti gochuun barbaachisaa dha. Cidhi eenyummaa mataakeenyaa,
qabeenya keenya kan itti agarsiifannu waan hintaaneef, dorgamee keessa galuu hinqabnu. Cidha
irratti qabeenya baay’ee fixuu keenya irraa qarshichaan namoota dhaban gargaruu fi warra
human hinqabne, ijoolle gargaarsa hinqabne bira ittin yoo dhaabanne waaqayyoo durattis
namoota duratis galata qaba.Cidha godhachuudhaafis qarshii leeqeffachuu hinqabnu.

Boqonnaa 3: Gaa’elaan booda

Jireenya walittidhufeenya gaa’elaa keessatti baay’ee fagoo fakkaatee kan namatti mul’ataa ture
abjichi yeroo dhugoomuudha. Misiroonni lamaanuu dungoo garaagaraa ibsachaa warri turan
guyyaa cidha isaanii walittidhufanii dungoo tokko yeroo isaan walittidhfan tokko qabsiifatan
ta’a. kunis kan agarsiisu namootni mana garaagaraa keessa jiraachaa turan amma walittidhufanii
mana took keessa jiraatu, siree tokko irra waliin ciisuu, sahanii tokko irraa waliin nyaachuu,
yeroo isaan itti jalqban ta’uu agarsiisa. Jarri kun kakuu tokko walitti hidhamanii amma sammuu
tokko ta’anii yaaduu, saganteessuu, hojjechuu fi waliin fiiguu yeroo ittijalqabaniidha.

3.1. Ittigaafatama Abbaanmanaa fi Haatimanaa dhuunfaatti qaban

3.1.1. Abbommi Macaafa Qulqulluu keessaa Abba Manaa ilaallatan

Abbaan manaa fi haati manaa gaa’ela jabeessuu fi lafisuu keessatti ga’ee mataisaanii qabu. kana
irratti hundaa’uudhaan:

A. Abbaan manaa mtaa hadha manaa ta’uu isaa dagachuu hinqabu.

128

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

‘Mataa’ inni jedhu kakuu haaraa keessatti hiikaa Girikii irraa yammuu ibsu, olaantummaa fi
gadantummuu, gooftaa ta’uu fi garbicha ta’uu kan agarsiisu miti. Seera Uumamaa keessatti
jalqaba Uumamaa keessatti gaa’ela yammuu dhaabe, kan isaaf taatu kan isa gargaartu jechuun
waan ibseef, gaa’ela keessatti abbaan manaa abbaa warrummaa isaa kiristoosiif
abboomamuudhaan maatii isaa jaalalaan akka bulchuuf malee ofii isaatiif murtoo jaallatee akka
fudhatuuf mit.( 1Qor 11:3, Efe 5:23)

B. Haadha Manaa isaa akka ofii isaatii jaallachuu qaba.

Jaalala waldaa kiristiyaana fi Kiristoosin gidduu jiruun abbaan manaa haadha manaa isaaf aarsaa
ta’uun jalala dhugaa jaallchuu qaba. (Qol.3:19)

C. Haadha Manaa isaaf Fakeenya ta’uu

Waaqayyo harkaa isa fudhate ittigaafatama geggeessaa maatii, ergama eeguu, kununsuu
bu’uurefachuun, ofii isaa kirstoos jalatti bitamsiisuun haadha manaa isaa fi maatii isaa jaalalaan,
beekumsaan, ogummaa fi hubatnaan tajaajila geggeessummaa guutuu kennuu qaba. Haaluma
kanaan haadha manaa isaa kununsuu, eeguu, sooruu fi bara jireenya isaa hundumaa namootaa fi
qulqulloota duratti kakuu gale sana yaadataa akka ofii isaatti haadha manaa isaa ilaaluun ulfina
ishee barbaachisu kennuufii qaba. (Efe 5:28-33; 1Pex 3:7).

3.1.2. Abboommi Macaafa Qulqulluu Hadha Manaa ilaallatan

Haati manaa eebbi inni dhugaa gaa’ela ishee keessa akka jiraatu gochuuf waldaan kiristiyaanaa
kiristoosiif akkuma bitamtutti haati manaa abbaa manaa isheef jaalalaan bitamuufii qabdi. Kun
yammuu ta’u wantoota lamatu hubatamuu qaba. Inni jalqabaa abbaan manaa fi hatimanaa
uumamaan walqixxee ta’uu isaanii beekuu. Inni lammafaan immoo walqixummaan kun immoo
garaagarummaa saalaan qaban isaan gidduu jiru kan faallessu akka hintaa’in beekuudha.

Sababa kanaaf macaafni qulqulluun kan jedhu haatimanaa abbaa manaa ishee kabajuu.( Efe 5:24;
Qol 3:18; 1Pex 3:5-6), Jaallachuu, (Tit 2:4-5), waan gotu hundumaa gamachuudhaan gochuuufii,
(1Qor 7:3), Amanamummaan jiraachuu ( Rom 7:2-3), ofii ishee qulqullummaa bakkee fi keessaa
qabachuu(1Pex 3:3-4). Mana ishee akkaataa gaariin kan qabattu dubatii ogeetti ta’uu
qabdi( M.Fak 14:1, 19:14, 31:10-31)

129

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3.2. Ittigaafatama Abbaa manaa fi Hati manaa waliin qaban

Abbaan manaa fi Haatimanaa ittigafatama waliinii qabu. Ittigafaatamni waliinii kunis bu’uura
macaafa qulqulluu waan qabuuf lachuun isaanii xiyyeffannaa irratti gochuu qabu. Tokkummaan
abbaa manaa fi hadha manaa akkasumas dhoksaan eebbaa fi nagaa gaa’ela isaanii qajeelfama
waaqayyoo waa’ee gaa’elaaf kaa’ee sirriitti eegamuu isaanii irraa kan ka’ee ta’uu isaa beekanii
sirritti irratti hojjechuutu isaan irraa eegaama. Akka S.Um 2:24 fi Mat 19:5 wantoonni bu’uura
qabeessa ta’an kunis dhiisuu, walitti maxxanuu fi foon tokko ta’uu dha.

A. Dhiisuu (S.Um 2:24; Mat 19: 5)

Abbaan manaa fi haati manaa gara gaa’elaatti seenuuf yammuu jedhan duukaa isaa yaaduu kan
qaban bara qophummaan jiiraataa turan sana dha. Lachanuun isaanii gara jireenya gaa’eelatti
yammuu galuuf dhuufan walittidhufeenya maati isaanii wajjin qabaata turaan sana ofkeessaa
baasuu fi gargara kutuuf murtoo fudhachuu qabu. kana dura isa ture irratti nama tokko
ittidabalanii jiraachuun raawwatee hinyaadamu. Isa durii dhiisanii isa harraa hinfudhatan taanaan
gaa’elli sun nagaa dhabee boora’uun isaa hinafu.

Maatii dhiisuu jechuun waliin mariyatanii hamma humni isaanii danda’e maatii isaanii
hingargaaran jechuu miti. Hata’u iyyuu malee maatiin ayyama abba manaa fi hadha manaa malee
gidduu isaanii seenanii waan tokko illee akka isaan hingoonee gochuu dha. (1Xim 5:8). Karaa
kan biraa immoo hiriyoota keenya kan waliin guddanee fi waliin hojjennuu wajjin
walittidhuufeenyi keena akka durii ta’uu hinqabu, gara gaa’ela keenyatti waan caalchifanuuf
jecha.

B. Walitti Maxxanuu (S.Um 2:24, Mat 19:5)

Walitti maxxaanuu jechuun abbaa manaa fi haadha manaa gidduu jiraachuu kan qabu
tokkummaa fi walittidhufeenya, inni tokko isa tokko kan ittin hubatu, walsimachuu fi waliif
galuu kan agarsiisuudha. Bara jireenya isaanii keessaa bu’aa ba’ii keessa darbuu hundumaatti
walitti dhufeenya isaanii gidduutti qaawwa utuu hinargamsiisin yaada tokko fi hafuura took
ta’anii waliin jiraachuutu isaan irraa eegama. (Rom. 12: 16; Fil.2:2).

130

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

C. Foon Tokko ta’uu. ( S.Um 2:24; Mat 19:5)

Waaqayyoo gaa’ela keessa kan kaa’ee dhoksaa dinqisiisaan tokko isa namootni maatii
garaagaraa lamaa, aadaa fi guddisa garaagaraa keessaa walitti dhufaanii kakuu gaa’elaatti
akkuma galaniin foon taokko ta’uu fi qamaan walitti makamuu isaaniitti. Barsiisonni gaa’eelaa
tokko tokko hirigaan yammuu kaa’uuf yaalan 1+1=1 jedhu. Haaluma kaanaan abbaan manaa fi
haatimanaa hamma isaaniif danda’ametti garaa isaaniin walitti maxxanuu, walbeekuu fi walitti
makamuu dagachuu hinqaban. (Marq 10:8)

3.3. Walittidhufeenya Gaa’elaa

Abbaan manaa fi haatimanaa walittidhufeenya gaa’elaa isaanii keessatti walittidhufeenya gargar


hincinne keessa jiraatu. Gaa’elli gaarii wlitti dhufeenya sirrii qabaachuu qaba. Gaa’elaan
namootni yammuu waliin jiraachuu jalqaban guyyaa guyyaatti jecha dubbii isaanin, yaadaa fi
miira isaanii yammuu ibsatan, inni tokko isa tokkoof deebii yammuu kennu, jalalas ta’e jibba,
ulfinas ta’e tuffii ta’uu waan danda’uuf, tokkon tokko isaanii waan godhanii fi dubbatan
hundumaaf eeggannoo fi hubannaan maadaalanii gochuu qabu. warri waa’ee gaa’elaa qoratan
walittidhufeenyi gaa’elaa sadarkaa qaba jedhu. Isanis :-

Boqonnaa 4: Rakkowaan Gaa’elaa fi Furmaata isaanii

4.1. Gaa’ela keessatti rakoo nama mudachuu danda’anii fi qabaa isaanii

Jireenya namani jiraatu hundumaa keessatti rakkinni nama qunnamuu akkuma danda’u, jireenya
gaa’elaa keessa warra jiranis rakkinni karaa keessaa fi karaa bakkee isaan qunnamuu kan
danda’u yammuu ta’u, abbaan manaa fi haati manaa wanti isaan beekuu qaban rakkinni ofii
isaatii rakkoo akka hinta’in beekuu dha. Kanaaf rakkinni tokko yammuu uumamu na’anii
jeeqamuu utuu hinta’in madda rakkina kanaa yaada tasgabbiitiin ilaalanii attamittin akka qabuu
qaban irratti mariyachuu dha.

4.2 Buraqawan rakkinaa

Gaa’ela keessatti burqa rakkinaa ta’u kan danda’an wantoonni baayeen yoo jiraatan iyyuu,
gurguddoo ta’uu kan danda’an akka kanaagaditti argamu.

131

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

4.2.1. Amalli garaagara ta’uu.

Abbaan manaa fi haati manaa achi as dhufaa isaaniittin amalli isaan fudhatanii dhufan ilaalchi
ga’an itti hinkennamu yoo ta’e madda rakkina ta’uun isaanii hinoolu. Amaloota kana keessaa;
kan koo caala jechuu, ofjajuu, waan hundumaa gara ofiitti naannessuu, tuffii oduu funaanuu,
abdii sobaa kennuu, saalqunnamtii karaa dogogora ta’ee hubachuu fi diduu ta’u.
4.2.2. Ittifayadama /horii/ qabeenyaa

Abbaan manaa fi haati manaa maddi galii isaanii ifaa waliif ta’uu qaba. Baasiin isaanii akkataa
galii isaanin karoora ittibaafatanii irratti waliif galuu fi wal amanuu isaan barbaachisa. Inni tokko
utuu hinbeekin leqeeffachuu, yoo kaan nama kan biraatiin gargaaramuu, dhoksaatti baankii
kaawachuu rawwwatee hinta’u.

4.2.3. Wal amantaa dhabuu

Abbaan manaa fi haati Manaa jireenya isaanii duraanii wajjin kan walqabate wanta dhokataa yoo
qabaatan; yeroo amma walii wajjin jiraachuu jalaqaban kana keessatti gaadidduu itti ta’uun isaa
hinoolu, dafee yoo sirrachuu dhaabaate olee bulee isaan gidduutti walamantaa dhabuu fida. Isaan
lamaanuu keessaa inni tokko duraan walittidhufeenya jaalala nama kan biraa wajjin jalqabee yoo
jiraate, walitti dhufeenyi dur nama Sanaa wajjin qabataa turan jireenya isaanii har’ee keessatti
dhufee isaan kan rakkisu yoo ta’e, ittifayadama qabeenya irratti inni tokko dhoksee qarshii kan
qisaasessu yoo ta’e/ te walittidhufeenyaa lubbuu isaan waliif qaban kan isaan duraa hiri’isu yoo
ta’e, namoota kan biraa wajjin hiriyummaa shaayee fi bunaa akkasumaas immoo walitti
dhufeenya maatii wajjinii yoo jiraate walamantaa isan gidduudhaa balleesuu waan danda’uuf
dursanii eeggannaa gochuu qabu. M.Fk 2:11

4.2.4. Abbaan manaa fi haati manaa eenyummaa mataa isaanii akka qaban beekuu

Waaqayyoo tokkoo tokko namaa yammuu uumee inni tokko isa kaanitti adda kan ittin ba’u
eenummaa isaanii wajjin uume. Dhala namaa dhiiraa fi dubartii godhee yammuu uumee
eenyummaa saala garaa qabuu wajjin uume. Eenyummaa kanatti kan maddan garaagarummaa
qaamaa, kan yaadaa, kan miiraa fi ilaalchaa akka jiran macaafa qulqulluu fi sayinsiin biya afaa
kana ni dubatu.( 1Pex 3:7). Garaagarummaan kun kan ittin walitti bu’iinsa uumnu utuu hinta’in,

132

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

garaagarummaan jiraachuun isaa kan ittin inni tokko isa tokko gargaaruu fi waljajjabeessuu ta’uu
qaba.

4.2.5. Ittigaafatama dhuunfaa fi waliin qaban beekanii ba’uu dadhabuu

Abbaan manaa fi haati manaa wanti isaan dagachuu hinqabne inni guddaan gaa’elli isaanii
bareedee nagana keessa akka jiraatuuf, lachanuun isaanii kaka’umsa mataa isaaninin raawachuu
kan qaban ittigaafatama tokko tokko isaaniif kenname beekuu dha. Inni tokko isaan keessa ga’ee
isaa ba’uu yoo dadhaba ba’an hojii isaa tokko irratti ulfaachaa deemuun isaa beekamaadha, kun
immoo oolee bulee alitti bu’iinsa fida. Kanaaf karaa sababa qabuun ga’ee hojii gargar hiratanii
walgargaaruun, hiri’inni yoo argame immoo waliin mariyatanii furmaata itti kennuu qabu.

4.2.6. Salqunnamtii waldiduu ykn walfudhachuu dadhabuu

Macaafa qulqulluun abbaan manaa fi haati manaa yeroo muraasaf kachuuf yoo waliif galan irraa
kan hafee salqunnamtii akka walhindinne dubata. M.Fk.5:18-19; 1Qor 7:1-5; Ib 13:4). Namootni
tooko tokko salqunnamntii diduudhaan isaa tokko karaa ittin adaban godhanii yaada isaanii
fudhachiisuuf kan ittiffayadaman jiru, kun matumaa sirrii miti.

4.2.7. Ijoollee ilaalchisanii yaada qajeelaa dhabuu

Abbaa fi haati ijoollee isaanii ija garaagaraatin utuu hinilaalin karaa sirri ta’een qabanii
guddisuutu isaan irraa eegama. Ijoolleen kennaa waaqayyoo namaaf kenne waan ta’eef isa
kenneefis kennichaafis ulfina barbaachisu kennuufin akka guddisaniif maatiin waamicha
waaqayyoo biraa argataniiru. S.Um 30:2, Far 113:9, 127 :3. Ijoollee keessaa isa tokko ofitti
butanii isa tokko immoo achi of irra butuun, isa tokko kan abbaa godhaani isa kaan kan haadhaa
gochuun ijoollee gidduutti gragarummaa uumuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Mucaa karaa
hintaane irra kan buusu ta’uu irra darbee iyyuu abba manaa fi hadha manaa giddutti rakina
guddaa kan uumu ta’ee argama. S.Um 25:28, Fak 22:6, 29:15-17

4.3. Rakkinni yammuu uumamu dhugaa hubatamuu qaban

A. Biya lafaa kana irraa Gaa’elli rakkina hinqabne hinjiru, jiraachuus hindanda’u.

B. Rakkinni tokko yammuu uumamu eenyummaa namaa irratti utuu hinta’n rakkoo sana irratti
xiyyeffachuutu ta’a.

133

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

C. Rakkoo inni uumee fayyisuuf hojjechuu irraa burqa rakkina Sanaa barbaaduu.

D. Rakkinni sun yammuu hiika argatu Mo’ichi isaa kan lamaanuu isaanii akka ta’e hubachuu.
4.4. Rakkoo tokko akka ta’utti hiikuudhaaf wantoota nama gargaaran

A. Rakkkinni jiraachuu isaa amanani waliin hiikuuf yaaluu.

B. Rakkina sana hiikuuf yeroo, iddoo fi haala gaarii ta’e filachuu

C. Rakkinicha adda baasanii jecha hubtamaa ta’een kaawuu.

D. Ittigafatamaa isaa gami lamaanuu fudhachhuu fi haala tasgabbaa’een waliin dudubbachuu.

E. karaa rakkinnichi ittin hiikamu kn biraas ilaaluu.

F. Rakkinni akkasii gara fuula duraattii deebi’ee akka isaan hinmudaneef eeggannoo gochuu.

1.3. Amanaan Gaa’ela isaa/ ishee hiikuu indanada’aa? Indandeessii? Yoo hikes eenyuun
fuudha/ eenytti heerumti?

Waaqayyoo nama akka bifa isaa fi fakkenya isaatti uumee eebba gaa’ela yammuu kenneef,
ga’elli kun kan yeroo muraasaa godhee hinlaanneef. Warri fariisotaa Yesuusin qoruuf “ namani
sababuma ta’een haadha manaa isaa hiikuu indanda’aa?” jedhanii yammuu gaafii gaafatan,
deebii yesuus kenneef ‘ jalqabatti waaqayyoo nama dhiiraa fi dubartii godhee isaan uumee,
kanaaf namni abbaa isaa fi haadha isaa idhiisa, haadha mana isaattis inmaxanna isaan lachanuu
foon tokko ta’u isa jedhu indubbifnee? Sababi kanaaf isaan tokko ta’u malee lama hintaa’an
jedhe. Egaa Waaqayyoo kan walitti hidhe namani gargaar hinbaasin jedhe. Deebiin gooftaa kun
akka isaan barbaadan ta’uu yamuu dide akkas jedhanii gaafatan, eegaa Museen caafata ittin
hiikan kenaniif baasuun akka danada’amu maliif dubbateree? Jedhanii gaafatan. Gooftaan deebii
dhumaa inni kenneef garuu, Musseen sababa garajabina keessaniif abboome, garu jalaqabatti
akkas hinturre jedheen. Mat 19:3-8, Marq 10:2-9, kutaa kana irraa akka hubatnutti gaa’elli
kiristiyaanaa kakuu umurii guutuun walitti hidhamaniidha malee walittidhufeenya yeroo akka
haintaaneedha. Hata’u malee bara kana keessa hameenya bara kana keessa jiruu wajjin walitti
qabanii, abbaan manaa fi haatimanaa walloluu irraa darbanii hamma walajjessaniitti yoo deeman
akka isaan wal ajjeessaniif callifnee ilaaluu hinqabun, ykn walhiikanii jireenya hajiraatan? Akka
tasaa namani tokko isaan keessa jalalan nama biraa wajjin yo kufe/kuftee hiriyaa gaa’elaa isanii

134

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

yellawuun jiraachuu qabaa/ qabdii? Abbaan manaa ykn haatimanaa biya fagoo dhaqanii yoo
jiraatan, inni tokko dhiisee waan adeemeef inni tokko fuudhuu ykn heerumuuf indanda’aa/si?
Inni tokko dhukuba sammuu yoo qabaatewoo? Kan jedhu morkii yeroo dheeraa ta’eera.
Namaootni dhimmi kana irratti hojetan yaada kan ofii isaanii dubataniiru. Kana irraa kan ka’ee
yaada garaagaraa 4 ka’aniiru. Fakeenyaaf, H.Wynehouse namani jedhamu barreessan tokko
Waliikuu fi lammaaffaa fuuduu isa jedhu kitaba isaa keessatti kallatiwan 4 ka’aniiru.

1. Walhiikuus ta’e lamaffaa fuudhuun hinyaadamu.


2. Waliikuun erga ta’ee wanti godhan hinjiru, garuu lammaafaa fuudhuun/heerumuun
matamaa hindanda’amu.
3. Walhiikuu fi lammaffaa fuudhuun ejjaa fi ykn walganuuf fayada.
4. Walhiikuu fi lammaaffaa fuudhuun wantoota humnaa oli ta’an tokko tokkon ayyamamuu
qaba.

Waa’ee mataduree gaa’eelaa fi walfuudhuu kan dubbatamuu qabu bu’uurri isaa sagalee
waaqayyoo irraa ta’uu akka qabau beekuun barbaachisaadha. Mil.2:16, Mat 5:31-32, Luq 16:18,
Rom 7:2-3; 1Qor 7: 12-16,39.

Boqonnaa 5: Maatii Kiristiyaanaa

5.1. Hiika Maatii fi akeeka isaa

Maatiin kaninni bu’urreffameef burqa ittifufiinsa dhalootaa waan ta’eef, ittifufiinsa waldaa
kiristiyaanaa fi maddaa uumataa waan ta’eef jedhama. Akkas yoo ta’aa maatii nagaa fi nagaa
hinta’in, waldaa nagaa fi nagaa hinta’in, akaasumas immoo nagaa kan taate biyyi jiraachuuf
maatiin gaa’ee olaanaa qaba waan ta’eef maatiif eeggannoo fi kununsi barbaachisaa ta’e
godhamuufi qaba.

5.2. Maatii gaariin attamin argamu

Waaqayyoo akka ittin ulfaatuuf, namootnis akka ittin ijaaramaniif dhugaba’uumsa gaarii
kanta’an maatii akka qabaannuuf geggeessitoonni maatii gochuu kan qaban wantoonni bira
darbamuu hinqabne jiru. Isaanis: waan hundumaa keessatti yeroottis yeroo maleettis
waaqayyoon dhaga’uu fi abboomamuu, Waaqayyoon amanamummaadhaan hojjechuufi,
waaqessuu, waaqayyoo wajjin walittidhufeenya garagar hincinne qabaachuu, waaqayyoo bakka

135

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

nuukaa’e hundumaatti amanamummaan hojjechuu, ofqabuun jiraachuu, wallaansoo jireenyaa


gooftaa amanachuun ittin qabuu, amantiitti jabaachuu, Jireenya( Humna keenya, qabeenya
keenayaa fi yeroo keenya) namoota rakkina qabaniif hiruu kan jedhu isa ijoo ta’u.

5.3. Maatii keessatti ga’ee Maatii fi Ijoollee

Macaafni qulqulluun maatii fi ijoolleen ittigaafatama ba’uu qaban akka jiru indubata.
Qajeelfamootni kunis akka kanaa gadiiti ilaalla.

5.3.1. Ittigaafatama Maatii

A. Ijoollee guddisuu

Ijoollee hamma humni isanii isaanii danda’e godhatani kununsanii akka guddisaniif ittigaaftama
waaqayyoo biraa maatii isaaniif kennameedha. 1Xim 5:8. Sammuun ijoollee gaarittis ta’e
hamaatti guddsachaa kan adeemu umuurii isaanii 1-7 yeroo jiru keessatti waan ta’eef,yeroo
ijoollummaa isaanii itti shaakalaniidha. Ijoolleen adabaa fi gorsa dubbii waaqayyootiin fakeenya
gaarii ta’uudhaan gudachuu akka qaban macaafni qulqulluun nidubbata. Karaa biraadhan immoo
ijoollee xuxuqanii aarsuun gaarii akka hintaanes nidubbata. (S.Kes 4:39-40, 6:7; Efe 6:4; Qol 3:
21).

5.3.2. Ittigaafatama Ijoollee

Ijoolleen hagam xixiqoo yoo ta’an illee maatii isaanii irraa itti aansuun immoo waaqayyo irraa
umuurii isaanii wajjin kan walmaadaalu iitigaaftama akka ba’an isaan irraa eegama. Haaluma
Kanaan, walittidhufeenya maatii isaanii wajjin qaban keessatti:-

A. Ijoolleen maatii isaaniif abbomamuu qabu.

Ijoolleen maatii isaaniif abbomamuun kan isaan irra jiru, Gooftaadhaaf jedhanii malee,
dhiphachaa cinqamaa miti. Gooftaan akkamitti akka isaan jaallate, attamitti akka isaan uume,
akkamitti maatii akka isaaniif kenne waa’ee isaa yaadaa maatii isaaniif abbomamuun qajeelaa fi
barbaachisaa dha. Kana yammuu godhan waaqayyoo isaanitti waan gammaduuf, warra maatii
isaaniif abbomamaniif yookan garaa abbomama warra qabaniif eebba qopheesse irmaatota akka
ta’n isaan godha. Ebbonni kun waa wal namaaf qixxchuu fi bara dheera akka ta’e macaafni
qulqulluun nidubata. Efe 6:1-3; Qol 3:20

136

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

B. Ijoolleen Waaqayyoof ulfina kennuu qabu.

Ijoolleen umuuridhaan hamam wallalota yoo ta’an iyyuu waaqayyoo jireenya isaaniif yaada
haaraa qopheessee akka bifa isaa fi akka fakeenya isaatti warra uume ijoollee isaa waan ta’aniif
isaanii wajjin walitti dhufeenya qaba. S.Um 1:26, Sababii kanaaf adeemsa bara jireenya isaaniitti
jireenya isaanin waaqayyoon sodaachuun jiraachuu qabu. M.Fak.1:7, 3:1-8. Waaqayyoof warri
ulfina kennaan kana gochuu isaanin Waaqayyoo yeroo hundumaa isaanii wajjin ta’ee isaan eega,
isaan eebbisa.

Gaafii waa’ee Gaa’ela kiristiyaanaa fi maatii

I. Dhugaa ykn Soba jedhaa deebisaa

1. ______Durbii fi dhiirri tokko walitti dhufeenya dhokaataan fi iddoo dhokataa ta’etii yeroo
isaanii dabarsuun hinta’u.

2. _______kadhimummaan kakuu waan ta’eef raawwatee gargar cituu hinqabu.

3. _______ Gaa’elli kiristiyaanaa rakko isa keessaa fi isa bakkee hinqabu.

4. _______ Gaa’elli kiristiyaanaa kiristiyaana kan ta’an dhiira tokkoo fi dubartii tokko gidduutti
jireenya isaanii qulqullummaan eegaa turanii waaqayyoo fi namoota duratti kakuu waliif galanii
tajaajiltoota waldaa kiristiyaanaan kakuun isaanii kan raawwatu kan bara baraan ittin walitti
hidhamanii dha.

5. ______ Abbaan manaa fi hatimanaa yeroo kadhachuuf waliif galan irra kan hafe
saalqunnamtii waldiduu akka hinqabne macaafni qulqulluun nidubata.

II. Walitti firoomsi

A B

1 ____Abbaa manaa A. Walitti maxanuu

2.____Hadha manaa ykn abbaa manaa tokko oli fuudhu B. Wali iratti fuudhuu ykn heerumuu

137

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3.____ Kadhimummaa C. Mataa hadha manaa

4.____ Tokkummaa, walittidhfeenya, walfudhachuu fi D. Gaa’elaan dura waliigaluu

Waliif galuu

5._____ Gaa’ela dirqamaan ykn humanaan ta’u E. Gaa’ela dhaalan ta’u

F. Foon tokko ta’uu

G. Butii

III. Qubee isa deebii sirrii qabu filaadhu

1. Yeroo kadhimummaa eggannoon godhamuu qaban maalfayi?


A. Kadhimaa jechuun abbaa manaa fi haadha anaa ta;uu jechuu akka hintaane hubachuu.
B. Waaqayyo gaa’ela keenaya gara fuuladuraa akka eebbisuu kadhachuu
C. Amma kan keessa jirus ta’e gara fuuladuraatti wantoota nuqunnamuuf jiran irratti
mariyachuu.
D. Hunduu deebii dha.
2. Abbaan manaa mataa haadhamanaati yammuu jedhu maal jechuu isaati
A. Olaantummaa fi gadaantummaa agarsiisa.
B. Bulchuu fi buluu agarsiisa.
C. Ittigaftama hojii irrajalan jiru agarsiisa.
D. Hunduu deebii dha.
3. Hiriyaa gaa’elaa attamitti filchuu dandeenyaa?
A. Filannoo eenymmaa isa keessaan
B. Amanaa ta’uu qabu
C. Bu’uurri isaa jaalala.
D. Hunduu deebiidha,
4. Abbaan manaa fi haati manaa seenaa jaalalaa fi walittidhufeenya isa dura maatii isaanii
wajjin qaban tokkummaa isaaniif jecha gargar kutuun maal jedhama?
A. Dhiisuu
B. Walitti maxanuu
C. Foon tokko ta;uu

138

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

D. Hunduu deebii dha,


5. Abboommin macaafa qulqulluu haadha manoota illaallatuu isa kami:
A. Ofii ishee jaalalaan abbaamanaa isheef bitamsiisuu
B. Amanamummaan cimtee dhaabachuu
C. Maatii ishee akkataa gaarii ta;een bulchuu.
D. Hunduu deebii dha.
6. Akeekni gaa’elaa inni gurgudoon maalfayi?
A. Tokkummaan akka uumamu
B. Sanyiin akka bayyatuu fi ittifufu
C. Eebba dhaaluuf
D. Huduu deebiidha.
7. Waa’ee walhiikuu fi lammaffaa fuudhuu barsiisa sirri ta’e isa kami?
A. Wal hiikuun ayyamamaadha lammaffaa deebi’anii fuudhuun garuu hindanda’mu
B. Walhiikuus ta’e lammafaa fuudhuun hinyaadamu
C. Walhiikuu fi lammafaa dhalachuun ejjaaf karaabana
D. Walhiikuu fi lammafaa fuudhuun halota garagaraa ilaalamee ayyanamuu danda’a
8. Waaqayyo karaa inni ittin fedha isaa namootatti mul’isuu maalfayi?
A. Abjuu
B. Karaa Rajotaa
C. Geggeessaa hafuura qulqulluuttin
D. Hunduu deebii dha,

IV. Gaaffii armaan gadiif deebii sirri kenni

1. Gaa;ela kiristiyaanaa jechuun maal jechuu dha,


2. Abbaan manaa fi haatimanaa ittigafatama waliin qabu. Akka S.Um 2:24, fi Mat 19:5
irratti wantoonni bu’uura qabeessi dhiisuu, walitti maxxanuu,fi foon tokko ta’uu dha.
Tokko tokko isaanii irratti ibsa kennuun deebisi.

139

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Barumsa 6ffaa. Naamusa kiristiyaanaa

Boqonnaa 1: Namusa

Umama hundumaa keessaa nama kan adda isa godhu waa’ee namusaati. Namni uumamaan
naamusa qaba. Hamaadhaa fi gaarii, dhugaadhaa fi soba kan ittin gargaarbaasu umamaan kan
kennameef ta’u iyuu, guddinaa, qo’anna fi barumsaanan hubannaa naamusaa qabu kan biraatti
dabarsa. Hata’uu iyyuu malee bara keenya kana keessa akkaayaa jireenya namuussa
kiristiyaanummaa irratti dhiibbaa utuu uumaniitu mullata. Naamusa dhabuun waldaa
kiristiyaanaa keessatti rakkoo guddaa ta’ee mul’ateera. Kana irraa kan ka’e rakko jireenya
qulqullina dhabuu keenyaa walittidhufeenya waaqayyoo fi sagalee isaa wajjin jiruun jireenya
keenya guddifachuu fi bilcheefachuun nurraa eegama.

1.1. Naamusi maali?

Naamusi Ethos kan jedhamu jecha Girikii irraa kan madde yammuu ta’u hiikaan isaa Shakala,
Amala jechuu yammuu ta’u, aadaa tokko keessatti fudhatama kan qabu jechuudha.Moral jecha
jedhu immoo yammuu ilaallu afaan laatinii irraa kan dhufe shakala, amaloota garagaaraa
agarsiisa.

1.2 Namuusi kiristiyaanaa maalii?

Naamusi kiristiyaanaa namusa jireenyaa isa kan biraa irraa adda kan ta’e waaqayyoon
giddugaleessa kan godhate dha. Amalaa ifa dhugaa Waaqayyoo fi sagalee waaqayyootiin gaarii
fi hamaa kan ittin gargar baafanuu dha.

1.3. Akeeki Naamusa kirstiyaanaa maali?

Namni fedha waaqayyoo fi ulaagaa isaa beekee qulqullummaan akka jiraatuuf, kana keessa
jiraachuuf waaqayyoo wajjin tokkummaa uumee akka jiraatuuf fayada.

1.4. Barbaachisummaa Namusa kirstiyaanaa

Namusi kiristiyaanummaa karaa garaagabarbaachisaadha.

140

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.4.1. Kallatti Eenymmaa Waaqayyootin

Waaqayyoo amala eeyummaa isaa ittin mul’isu qaba. Waaqayyo qulqulluudhaa, qulqullummaan
isaa waaqummaa isaati. Amaloota waaqayyoo keessaa, jaalala, qulqullummaa, amanamummaa,
dhugummaa, garamummaa, ho’aa fi kan kana fakaataniidha.( S.Ba.15:11, Far 100:5. Tit. 1:1-2).

1.4.2. Uumama fi eenymmaa namaa

S.Um 1:26-28 irratti akkuma arginu Waaqyyoo akka bifa isaa fi fakeenya isaatti nama uume.
Kunis namni waaqayyoon fakkaataa, bakka bu’aa, calaqisaa jechuudha. Waaqayyoo fi ilmaan
namootaa biratti kan argaman amaloota tokko tokko jiru. Isaanis waaqayyo gaafa nama uume
hamaa fi gaarii kan ittin gargarbaasan sammuu fi fedha nama keessa kaa’e. (Rom 2: 12-15).

1.4.3. Gaafii nammusaa fi walittidhufeenya inni jireenya har’aa borii keessatti qabu

Jireenyi filannoo fi murtoo dhaan kan guutamteedha. Jireenya keena har’aa borii keessatti
murtoo jireenya namuusaa akka fudhannu kan godhu haalota baay’eetu nuqunnama, dhugaan
isaa eessa, gaariin isa kami? Kan jedhu gaaffii baa’yee gaafanna.fakeenyaaf hojii
ariifachiifachuuf gubboo yoon kenne maal qabaa? Nama tokko oolchuuf yoon sobe maal qabaa?
Kan jedhufaa ta’a.

1.4.4. Dhaloota sirna namusaa sirrii ta’ee guddisuuf.

Nama dhuunfaa, maatii, uummata, biya naamusa gaariin guddusuuf waa’ee naamusa
kiristiyaanaa dursinee beekuun barbaachisaa dha. Biyya lafaa xurooftee fi waaqayyoon namootni
hinsodanne bakka baayyatanitti jireenya ifaa jiraachuuf waamamneera.

1.5. Burqaa Nammusa Kiristiyaanaa

Akkuma olitti ilaallee namusi kiristiya kan kiristiyaanaa waan ta’eef ka’umsa qaba.

1.5.1. Macaafa Qulqulluu

Macaafa qulqulluun macaafa fedhii fi jaalalli waaqayyoo keessatti mullateedha. Jireenyaa fi


amalli kiristiyaanaa maal ta’uu akka qabu macaafni qulqulluun nu barsiisa. Dhimmi naamusa
jireenyaa sagalee Waaqayyootiin madaalama. Sagaleen waaqayyoo hamaa fi gaarii, dhugaadhaa
fi soba madaallee kan ittin adda baafanuudha.

141

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.5.2. Hafuura Qulqulluu

Hafuura Qulqulluun waa’ee cubbuu, waa’ee qajeellummaa fi waa’ee firdii nama hubachiisa, gara
kiristoositti nama geessa, lammaffaa dhalachuu naaf kenna. (Yoh 16: 8, 13-14, H.er 5:3-5),
waldaa kiristiyaa dogoggora irraa eega, gara dhugaatti amanoota geessa, inkadhataaf,
inqulqulleessa, inbarsiisaa, ingeggeessaa, human kennaaf, tajaajilaaf nama qopheessa.( Mar
13:11, Luq 2:26, Yoh 14:26, H.er 1:8; 13:2-4; 16:16; Rom 8:27; 15:15-16; 1Yoh 2:27; 1Pex 1:1-
2). Hafuurri qulqulluun namusa dhugaa akka nuti qabaannu nugargaara.

1.5.3. Waldaa Kiristiyaanaa

Waldaan kirstiyaanaa ishee jalqabaa bakka sagaleen Waaqayyoo ittidhaga’amu, bakka hafuurri
qulqulluun itti hojjetu qofa utuu hinta’in, bakka itti gorsa fudhatanii fi ittinwalsireessan, jireenya
isaaniif qajeelfama naamusaa ittifudhatanii dha. (H.erg 2:42, 15:1-6; 20:31; Gal 2:14). Har’as
tokkoon tokko kiristiyaanaa namusa jireenya isa sirri karaa waldaa kirstiyaanaa dhaga’a.
Waldaan kiristiyaanaa erga hundeeffamtee jalqabde rakkina garaagaraa keessa darbiteetti, seenaa
waldaa kiristiyaanaa keessa yammuu qorannus dhimmaa namuusa kiristiyaanaa kan illallatu
gaaffii ishee mudataa tureef qorannoo irratti kan hundeeffame ijoonnoodhaan deebii kennaa
har’a geesseetti.

1.5.4. Sammuu

Yaadi sammuu, waaqayyo biraa namaa hundumaaf kan kenname seera ittin hamaa fi gaarii ittin
gargarbaafachuuf kan nu kakaasuu sirna naamusaati. (Rom 2: 12-16).

1.6. Qajeelfama Naamusa Kiristiyaanaa

1.6.1 Maddi isaa Amala Waaqayyoo irraatti

Macaafa qulqulluu keessatti abbomotni nut arginu raawwatee kan hingedarmen amala
waaqaayytti irratti kan hundaa’eedha. Abbommotni sins amala gaarii isa kan waaqayyoo wajjin
kan walfudhatanii dha. Waljaalladha inni jedhu, waaqayyo jaalala isa jedhu amala waaqayyoo
irraa kan maddee dha. Qulqulloota ta’a inni jedhu immoo waaqayyoo qulqulluu dha isa jedhu
irraa madda.

142

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

1.6.2. Bu’uurri isaa Mullata Waaqayyooti.

Waaqayyoo mullata waligalaa qofaan amala isaa mullise utuu hinta’in mullata addaan amala isaa
mulliseera. 1Sam.1:21,Neh 8:8. Macaafni qulqulluun abbommi isaa isa qulqulluu kan ittin
mullise sagalee waaqayyooti. Waaqayyo fedha isaa karaa sagalee isaa mullise.

1.6.3. Fedha Waaqayyootiin Mullata.

Kan higederamne amalli waaqayyo kan hundeeffame abbommiin karaa fedha isaa kan mullatuu
dha. Abbommiin isaa dubbii waaqayyoo irraa maddan.

1.6.4. Guutuudha

Waaqayyo guutuudha, amala waaqayyoo isa hingedaramne sana irra abboomotni waaqayyoo
maddu. Waaqayyo dhugaadha, sagaleen isaas dhugaadha,

1.6.5. Kan Mullisuudha.

Naamusi kiristiyaanaa kan mullisuudha, yammuu jennu, waan gochuun nuuf ta’u kan nu
agarsiisuu dha jechuu dha. Yoo macaafni qulqulluun abboommii fi kan waa mullisuu ta’u illee
namusi kan mullisuudha.

 Kanatti fufee naamusa goosa garaagaraatii fi raawwi isaanii ilaalaa.

Boqonnaa 2:- Naamusa Dhuunfaa

2.1. Amanamummaa fi Amantummaa

Amanamummaan qajeelfama naamusaati. Amanummaan waaqayyoof, ofiikeenyaa fi namoota


kan biroof. Waaqayyoo saba isaa gidutti arguu kan barbaadu amala naamusa isa ta’e
amanamummaan isa tokko. 2Mot. 12: 14-16, Mat 25:21, 1Xim.1:12. Tit 2:9-10.
Amanamummaan maaliin madaalama. Amanamummaan kiristiyaanaa kaninni ittin madaalamu,
akkaataa macaafa qulqulluu keessatti waaqayyo dubbateen.

143

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.2. Macaafni Qulqulluun waa’ee amanamummaa maal jedha.


2.2.1. Amanamummaa Qabeenya irratti.

Abbommota kurnan keessaa inni sadetaffaan “ hinatin “ jedha. S.Ba. 20:15, S.Kes 5:19. Kun
qabeenyaa namaa karaa malee kan ofii godhachuun seeraan dhowamaadha. Kakuu haaraa
keessattis qabeenyaa namaa kan ofii godhachuuf tattafachuun sirrii akka hintaane dubbachuun
amanamoo akka ta’uu qaban dubbata. Mat 19:18, Rom 2:21, 13:9. Waajira keessaa illee waa
xiqoo fuudhaanii ba’uun cubbuu dha.

2.2.2. Amanamummaa Dubbiidhaan mullatu

Abboommii kurnan keessatti ‘ Sobaan dhugaa hinba’in hiriyaakeetti” kan jedhutu mullata. S.Ba
20:16. Namootni dubbannaa keessatti amanamoo ta’uun utuu isaan irraa jiruu, qooda isaa sobuu
fi gowomsuun mullataa jira. Akkasumas isa kakuu galan utuu cabsaniitu mullata.( M.Lal 5:5).

Namootni sababa garaagaaraatin yoo soban iyyuu, karaa kan biraa immoo nama kan biraa
oolchuudhaaf jedhanii waa’ee namoota sobanii macaafa qulqulluun nidubbifna. Fknf, S.Ba. 1:15-
19, deessiftoota, Iya 2:1-6, dubartitti galamotaa sana, 1Sam. 16:2. Saamuel utuu sobanii argina.
Haalota akkasii iraa ka’anii namootni sobaaf iddoo isaan kennana akka kanaagadiitti ilaalla.

A. Sobni yeroo tokko tokko sirriidha.

Akka waligalaatti seerri tokko jira, innis jaalala. Sababii kanaaf nama jaallannu tokko akka
hinbanneef jecha yoo sobne sirrii goone jedhanii kan falman jiru.

B. Sobni sirriis dogogoras mit.

Jarri kun Antinominiazim jedhamu. Akka ilaalcha isaanitti wanti ittin namusa mdaalan hinjiru.

Seerri waligalaa tokko illee hinjiru. Kanaaf nama tokko irratti iyyuu murteessuu hindandeenyu.

C. Sobni akka waligalaatti dogoggora.

Kanaaf seerri akka waligalaatti jiru hinjiru. Sobni soba, sobni akka qajelfamaatti sobuma. Garuu,
namni tokko nama tokko oolchuuf yoo sobe qalbii diddirachuu qaba malee gochaa nama Sanaa
irraan kan ka’e qajeelfamni hindiigamu.

144

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Eenyu illee soba yoo dubbate, soba dubbateef sanaaf macaafni qulqulluun dogoggora isaa ta’uu
mullisa waan ta’eef sobaan soba jenna.( Mat 5: 33, 15:19, Rom 13:9, 2Qor 4:2, Efe 4:25, Qol
3:9; 1Xim 1:9-11.Mul 14:5; 21: 27)

2.2.3. Amanamummaa Gabbifachuu

Amantoonni amanummaa jabessanii qabuu fi guddisuu akka qaban macaafni qulqulluun


indubbata. Amanummaa akka kanaagadi jirutti gabifachuu dandeenya.

A. Murtoo sirrii murteessuun. Jireenya keenya keessatti rakkowan garaagaraa yoo


nuqunnaman illee, murtoo sirrii ta’e murteeffachuu qabna. Murtoon keenyaas sagalee
waaqayyootiin madaalamuu qaba.
B. Sammuu qulqulluu ta’e gabbifachuu.
Sammuun keenya waaqayyoo biraa kan nuuf kenname eenyummaa keenya. Sababii
kanaaf amanamummaa gabbifachanuun akka sagalee waaqayyootti gabbifachuu qabna.
C. wanta gaarii ta’e shaakaluu.

Amala hintaane keessaa ba’anii amala gaarrii gabbifachuun amanumammaa karaa ittin
mullatuu dha. Efe. 4:22-28, Fil 4:8.

2.3. Horii fi Qabeenyaa

Qbeenyaa ofii isaaf kanaaf maluu yoo baate illee, garbichaa fi akka itti saganu nu gochuu
akka danda’u beekuu qabna.

2.3.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee horii fi qabeenyaa maal jedhaa?

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos feekenyota 38 dubbate keessaa 16 kallattiidhaan waa’ee


qabeejenaa fi horii wajjin kan walitti qbatee dha. Waaqayyoo horii keenyaa fi qabeenya
keenayna akka ta’utti akka itti fayadamnu barbaada. Barumsa dhimmaa horrii dubbatu macaafa
qulqulluu keessaa.

 Waaqayyoo inkenna. ( Mil.3:10)


 Wantoota nubarbachisan kan ittin bitanuudha. 2Qor 9:8
 Qulqulloota akka ittin gargaaruuf nuuf kenname. ( Rom 12:13)
 Ittigaafatama hafuuraa keenyaa ittin ba’uutu nurraa eegama. Luq 16:10-12

145

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Horii ittifayadami garuu hinjaallatin. ( 1Xim 6:10)


 Warra kaan akka ittin gargaaruuf. ( 1Xim 6: 17-19)
2.4. Malaanmaltummaa( Gubboo)

Mallaan maltummaan afaan Gi’izi irraa kan dhufe yammuu ta’u karaa baay’ee dhokotaa
ta’een Hojii namusa gadhee rawwatamu jechuu dha. Seera eeganii hojechuu irra, tayitaa
isaanitti hirkatanii seeraa ala qabeenyaa mootummaa fi dhuunfaa hatuu, saamuu fi waliin
dha’uu, firmuaan, siyaasaa fi Gubboo dhaan bu’aa dhunfaa arbaaduudha.

2.4.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee Malaan maltummaa maal jedhaa?


 Gubboon ija nama jaamsa, seera jallisa, kanaaf cubbuu dha. S.Kes 16:19, 1Sam 8:3, 12:3;
M.Lal.7:7, Fak 17:23
 Gubboon biyya diiga. Fak 29: 4; EZe, 22: 12-14
 Gubbon saba miidha. 1Sam 8:1-3
 Gubboon amala waaqayyoo mit. S.Kes 10:16-17
 Gubboo kan kennanis kan fudhatanis firdiitu isaan eeggata. Iyob 15:34; Ezeq 16:33;
Amas 5: 12
 Abarsa Fida. S.Kes 27:25
2.4.2. Tiippii( Comissionii) fi Gubboon tokkoo?

Gubboonii fi tiippiin/commisionin tokko kan jedhu yaadni jiru, hojii kan ittin geggeessinuudha
jedhu. Hata’u iyyuu malee tiippii fi Comisionin hojii namni tokko namaaf hojjeteef gara
dhumaatti kan kennamu, yammuu ta’u, gubboon garuu firdii ittin jal’isuu kan kennamuudha.
Gubboon cubbuudha, tiippiin garuu cubbuu ta’uu hindanda’u. sababii kanaaf namusi
kiristiyaanaa gubboodhaan inmorma. Mootummaan waaqayyoos inni lafa irraas waan ittin
mormaniif nus tora warra mallamaltummaa mormanii keessa seenuu qabna.

2.5. Du’a gaaarii fi of ajjeesuu.


2.5.1. Du’a gaarii: calisani nama tokko ajjeesuuf yaalii godhamuudha. Kunis namtichi
yeroo dhukuba isaa kana keessa rakkinni akka itti hinbaayanneef jecha duuti isaa erga
hinoollee nagana hadu’u jechuun kan godhamuudha. Rakkina dhukubsataa sana
gababsuuf jecha dafee akka du’u gochuuf nyaata, bishaan, qilleensa fi qoricha irraa
kutuu fi marfee waraanuu kan kana fakaatani dha.

146

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.5.2. Of ajjeesuu:-

Hata’u jedhedhuma namni tokko lubbuu isaa balleessuuf hojii hojjetamuudha. Kunis of
balleessuuf jecha konkolaataa jala bu’uu, bishaan keessa of buusuu, qoricha dhuguu,
funyoon of fannisuu, meeshaa dhaan of ajjeesuu. Kan kanafakaataniidha.

2.5.3. Macaafa qulqulluun waa’ee du’a gaarii fi waa’ee of ajjeessuu maal jedhaa?

Karaan kun hundinuu cubbuudha. Sababi isaa akka bifaa fi fakeenya waaqayyootti uumame
waan ta’eef, ofii isaa uumuu akkuma hndandeenye, ofii isaas balleessuu hindanda’u. garuu
namummaa isaaf eegumsa gochuu qaba. (S.Um 9:6, Far 31:15, 1Qor 6:19-20).

2.6.1. Midiyaa Awaasaa

Midiyaa hawaasaa jechuun biyya lafaa kana guutummaa irratti namootni argaman, internetiin
kan ittin walargan oduunii fi odeefannoon garagaraa kan itti darbuu dha. Yeroo ammaa kanaa
namootni kan itti fayadaamaa jiran keessaa, facebookii, Twiterii, Instagram, utube, telegramni
isa guddaa dha.

2.6.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee Midiyaa Adunyaa maal jedhaa?

Midiyaa hawaasaa fayyadamuun ofii isaaf rakkina hinqabu. Hata’uu iyyuu malee karaa
midiyaalee hawaasa wantoonni darban wantoota gaarii dha jechuu miti. Vediyoo fi fakki
xuraawoo garaagaraa kan jireenya hafuuraa keenya xureensantu irratti darbu. Midiyaaleen
hawaasaa biya lafaa walitti fiduuf, odeeffannoo ariititti waljijjiruuf, wangeela babballisuuf,
qorannoodhaan waantoota haaraa argachuuf, oduu yeroo argachuuf fayidaa guddaa qaba.
Hamuma kana immoo nagaadhaa fi waliin jiraachuu, jaalalaa fi waldanda’uu, walkabajanii
waliin jiraachuu kan balleessan, jireenya kiristiyaanummaa keenyaa kan balleessan ergaa
baay’eetu irratti darba. Kanaaf midiyaaleen hawaasaa ofii isaaf cubbuus qajeelaas hinta’u.
cubbuus qajeelaas kan isa godhu akkataa ittifayadama isaatti. (1Qor 10:23-24; 31-32, 1Xim 1:8)

Macaafa qulqulluun akka nutti dubatutti waan hundumaa ulfina waaqayyootiif godhaa jedha
waan ta’eef, ulfinaa waaqayyoof itiifayadamuu qabana. (1Qor 10:31; Qol 3:17)

147

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

2.7. Sirba

Jechi ‘Sirba’ jedhu afaan Girikii isa’ Komos ‘ jedhu irraa kan dhufe yammuu ta’u hiikaan isaa
saalqunnamtii wajjin kan walqabatee yamuu ta’u, dhugaatii cimaa waliin kan walqabate, sirbaa fi
weeduu , ayyaana safara keessatti geggeeffamu, gammachuu sirbaa jechuu dha. Hiika isaa isa
idilee yoo ilaalle immoo, sirbi walaloo fi yadelloo walliin walfudhatee sagalee namaan kan
weedifamu goosa ogummaa keessaa tokko. Ogummaan kun muuziqaa waliin kan hojjetamuudha.

2.8. Macaafa Qulqulluun waa’ee Sirbaa maal jedhaa

Macaafa qulqulluun waa’ee sirbaa fi sirbituu yammuu dubbatu ija hojii foonii ta’uu isaa fi kan
kana godhan mootummaa waaqayyootti galuu akka hindandeenya dubbata. Gal 5:21. Warra
sirbaa turan sirba isaanii dhiisanii gara mootummaa waaqayyootti akka deebi’aniif ergmichi
Peexiroos isaan gorsa.1Pex. 4:3. Macaafa qulqulluun sirbaa fi sirbituu ta’uu hojii dukkanaa akka
ta’e ibsa. Rom 13:13,1Qor 10:7; Gal 5:19-21.

Kan weedifamuu qabu waaqayyo qofa akka ta’e macaafa qulqulluun ni dubata. Kanaaf warra kan
biraaf sirbuu irra gara waaqayyooti deebinee isaaf farfachuu qabna. Sirbi mana qulqullummaa isa
kan waaqayyoo isa ta’ee keessaa sagalee ba’u miti. Efe 5:20, Qol. 3:16

2.9. Suusii

Namni tokko yaaliifis ta’e bashananaaf jecha dhiibbaa hiriyaatiin akka qoosaatti jalqabee gaafa
ofqabuu dadhabu shakala kanaaf bitamuu jalqaba. Yeroo muraasa booda wantoota kanaa ala
jiraachuu yammuu dadhabu suusiin qabamee jedhama. Namootni suusii keessa jiraatan keessaa
ba’uuf inbarbaaduu garuu keessaa ba’uu hindanda’an. Wantoota suusii nama qabsiisan keessa
Caatii, sigaaraa, baala nama hadoochuu, dhugaatiin warra gurguddoo dha.

2.8.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee Suusii maal jedhaa?

Suusiin akka waligalaatti, fayaa keenya irratti, horii keenya fi jireenya hafuuraa keenya irratti
dhiibbaa fidu irra darbee iyyuu gara du’aatti kan nama geessuu bala irra nama buusuu ni danda’a.
Macaafni qulqulluun ofii keenya suusii irraa akka of eegnu nugorsa. Fak 23:20, 29-35, Hos
4:11; Rom 12: 1; efe 5:18; Gal 5: 19-21. Itti dabalees kiristiyaanotni waa tokkoof iyyuu garba
akka hintaane dubbata. Rom 6:16, 1Qor 6:12, 2Pex 2:19. Suusiin garba cubbuu nama gochuu

148

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

irraa darbee iyyuu, jireenya namaa xureessuun jireenya barbaraa nama dhowata. Luq 21: 34; Gal
5:21

Boqonnaa 3:- Namusa Saalaa

Saalqunnamtii wajjin kan walittidhufu waan tokko tokko kaafnee ilaala.

3.1. Saalqunnamtii

Saalqunnamtii yammuu jennu seera ala isa ta’e fi akkaataa macaafa qulquluun jedhuun ala kan
ta’e jechuu keenya.

3.1.1. Gaa’elaan dura saalqunamtii ta’u.

Namootni tokko tokko waa’ee qulqullummaa gaa’eelaa beekumsa dhabuu irraan kanka’ee
yookan immoo barsiisa dogogoraatiin gaa’elaan dura saalqaunnamtii kan raawatan jiru.
Fakeenyaaf gaa’ela yammuu dhaabbannu salqunnamtiidhaan waligaluukeenya ilaalla jechuun
gaa’elan dura saalqunnamtii kan rawwatan jiru.

3.1.2. Ejja.

Ejji gaa’elatti erga seenanii booda abbaa manaa ala yookaan hadha manaa ala saalqunnamtii
gochuu dha. Yaadaa fi hojiidhaan abban manaa fi haatimanaa waliif amanamuu yammuu
dadhaban kakuu gaa’ela isaanii cabsuudhaan namoota garagaraa wajjin jiraachuun ejja jedhama.

3.1.3. Macaafa Qulqulluun waa’ee Saalqunnamtii Gaa’elaan duraa fi Ejjaa maal jedhaa?

Macaafa qulqulluun warri walkaadhimatan hamma gaafa gaa’ela isaanitti ofii isaanii
qulqullummaan eegachuu akka qaban dubbata. Gaa’elaan dura dhirri fi dubari tokko
saalqunamtiif kan nama kakaasan kan akka qaama waliitti bubu’uu, wal hamachuuf fi
waldhungachuu irraa of eegachuu qabna. Gaa’elaan dura saalqunnamtii gochuun, iddoo buufta
hafuura qulqulluu isa ta’e namummaa keenya xureessuu cubbuu ta’uu irra darbee iyyuu, ulfa
inbarbaachifneef, dhukuba daddaraba saalaa kan akka HIV aidsiif akka nu saaxalu beekuun
gaariidha. Gaa’elaan dura isaa ulfina laanneef Gooftaa saanaa f ga’eela keessattiis kan
ulfeessinu. (S.Kes 22: 20-21, 1samuel 2:30; Fakn 7:5-27; 1Qor 6:9-11; 15-20; Gal 5:19; 1Tas
4:3-7; 1Pex 4:1-3; Mul 2:20-22).

149

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Macaafa qulqulluun warri gaa’ela qaban ejja irraa akka faagatan in akeekachiisa. Ejji jireenya
namaa kan xureessu, gaa’ela kan diigu, qaama kirstoosin kan xureessuu ta’uu isaa irra darbee
mootummaa waaqayyoo keessa ala kan nama godhuudha.( Mat 5:28; 1Qor 6:9-10; 1Tas 4:3; Qol
3:5, Ib 13:4)

3.2. Ulfa baasuu

Ulfa baasuun dubartiin tokko ulfooftee ulfi sun akka ittinfufneef tarkaafii fudhatamuudha.
Gochaan kun feedhaan, dirqisifamuun, seeraan ykn seeraan ala rawaatamuu danda’a. yaada
kgaraagaraatu kana irrati kennamaa ture. Namusa ilaalchifnee deebii utuu hinkennin dura yaada
kennaman tokko tokko ilaalla.

Inni jalqabaa ulfi sun nama guutuu waan hintaaneef baasuun ykn ajjeessuun indanda’am jedhu.
Nama guutuudha kan jennuu somba isaan yammuu hafuura baafachuu jalqabuu dha jedhu.

Lammaffaa; ulfi sun nama guutuu utuu hintane irkatummaadhaan kan jiraatu waan ta’eef haati
yoo fedha hinqabdu ta’e, fknf, ulfi sun dirqisifamtee gudedamtee yoo ta’e, yookan immoo firaaf
kan ulfoofte yoo taate, akkataan uumama ulfa Sanaa rakkina qabaachuun isaa ogeessa yaalaan
yoo mirkanaa’e, haati mucaa Sanaa rakkina sammuu yoo qabaatte, ulfi sun fayyummaa
haadhaaf sodaachisaa yoo ta’e, baasuu indandeesi kan jedhan jiru.

Sadafan: Haati namummaa ishee irratti waan barbaade murteessuu dandeessi kan jedhaniidha.

3.2.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee ulfa baasuu maal jedhaa?

Ijaa waaqayyoo duratti jireenyi namaa qulqulluu dha. Iyo. 12:10, mucaan hindhalatin mucaa
waaqayyoo jedhameera. (S.Um 25:22-23; Isa 49:1, Luq 1:41). Mucaan hindhalatin waaqayyoon
uumameera.( Far 139: 13-16( Iyyo 31:15; Isa 44:2), waaqayyo mucaa hindhalatiin akeeka isaaf
qopheesseera. A.Fir 13:2-7, Erm 1:5; Gal 1:15-16. Kakuu moofaa keessatti dubartii ulfaa tokko
irratti dabaa hojjechuun ulfa kan garaa baase namni tokko du’aan adabameera. S.B 21:22-25, Am
1:13; kun ifatti kan mullisu waaqayyoo mucaa gadameessa keessa jiru tokko nama guutuutti
akka ilaaluudha. Sababii knaaf namuusa kiristiyaanaa keessatti ulfa baasuu hindanda’amu.
Sababi isaa macaafni qulqulluun hinajjeessin sababa jedhuuf. S.B 20:13.

150

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Yaada jalqabaa irratti ulfa baasuu ilaalchisee kan jedhame, yoo dirqisifamtee ykn firaaf ulfoofte
isa jedhuudha. Macaafa qulqulluu keessatti dogoggoraan warra dhalatan akeeka isaaf utuu itti
fayadamuu dubbifina. 2Sam12: 24; A.Fir 11:1-2) akkasumas immoo mucaan waa tokko
hinballesin tokko dogoggora maatii isaaf adabamuu hinqabu. Yaadni inni 2ffaan, fayyummaa
haadhaaf balaa kan ta’uu yoo nta’e kan jedhuu dha. Dhimmaa ulfa baasuu ilaalchisee gaafiin
deebiisuun isaa cimaa ta’e isa kana. Deebii kana kan deebisan abbaa manaa fi hadha manaa
waaqayyoo wajjin ta’aniiti. Rakkoon akkasii yammuu isaan qunnamu, waaqayyoo akka
ogummaa isaaniif kennuuf kadhachuu qabu. Ya’I 1:5

Ittidabalees namani jireenyatti kan inni jiraachuu qabu gadameessaa haadha isaa keessaa jalqabe
akka ta’e saayinsiin indubata. Nus kan nuti dergeru isa kana. Ulfi kan uumamu kiromozomii kan
dhiiraa 23 kan dubartii 23 yammuu walargatanii biyya lafaa kana irratti fakaatti kan hinqabne
DNA kan jedhamu yammuu umamuudha. Doctor Nigusee G/Hiwat akka barreessetti, guyyaa 21
keessatti onneenen mucichaa rukutuu jalqaba jedha. Yeroodhuma kana hidda dhiigaa mucichaa
keessaa dhiigni deddeebi’uu jalqaba. Guyyaa 40tti samuun mucichaa akka hojechaa jiru
mashinaan safaruun indanda’ama. Torbaan 7 booda mucaan sun gadameessa haadhaa keessa
akka barbaadetti socho’uu jalqaba. Turban 12 tti ji’a saditti mucichi waa liqimsuu fi ilaaluu
indanda’a, yammuu itti bu’amu immoo dhukubni itti dhaga’amuu danda’a. turban 9 booda
gadameessa keessatti miilli isaa yammuu xuqamu baqachuu jalqaba. Yammuu akkasii kana
yeroo ulfa baasuuf jedhanitti mashinicha jalaa inbaqata jedhu. Ji’a 4ffaatti sagalee hadha isaa
addaan baasee beekuu danda’a jedhu. Kanaaf ulfa baasuu kan kandegeru bu’uura sayinsiis ta’e
macaafa qulqulluu keessaa waan hinqabneef irraa ofeegachuu qabna.

Warra ulfa baasaniif cubbuu warra kaan irraa adda akka ta’etti dhiifama akka waan hinqabneetti
ilaaluun nurra hinjiru. Dhiigni yesus kiristoos cubbuu hundummaa irraa nama qulleessa.
Dubartiin ulfa baste, ulfa baasisuuf maallaqaan kandegereefi docteriin ulfa nama irraa baase sun
hundinuu qalbi isaanii diddiratanii dhifama yesuus kiristoos irraa argachuu qabu. Rom 8:1, Qol
1:13-14; 1Yoh 1:7-10

3.3. Waa’ee Sodomummaa/Gibira Sadomii ( Dhiiraa fi Dhiira, Dubartiifi Dubartii gidduu)

Gibira sadoomiin saala walfakaataa giddutti( dubartii fi dubartii, Lesbian) akkasumas dhiiraa fi
dhiira (Gay) giddutti kan raawwatuudha. Hyeroo ammaa kana keessa sadomummaatti dabalee

151

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

saala walitti jiru( saala dhiiraa fi dubartii kan qabu), saala lamaanuuf fedhii salqunnamtii
walqixxee kan qabu( Bisexual), akkasumas immoo saala isaa kan gedarate ykn kan gedaratte,
ykn dhiira ta’ee dhalatee akka dubartiitti kan jiraatu ta’anii biya lafaa kana guutummaa irra mirga
dhala namaatti fayyadamuun babbalachaa kan jiranii dha.

3.3.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee Sodomummaa maal jedhaa?

Sodomummaa jechuun gochaa warra Sodom jechuu dha, gochaan warra Sodom immoo
salqunnamtii saala walfakkaatuun isa godhaniidha. Gochaan kun immoo waaqayyoon garmalee
kan dheekamsiisee fi firxdii kan fide gochaa dha.(S.Um 18:20; 19:5-9; 24), gochaan
sodomummaa waaqayyoo umama inni uumeen guutummaan guutuutti kan murmuu
xura’ummaa dha. Rom 1:26-28, gochaan kun cubbuu dha. (S.Lwe 20:13; 1Qor 6:9-10; Yih 1:7).

Namootni tokko tokko gaafii gaafatu, namni tokko umamaan kan isa qunname dirqisifamuu
irraan kan ka’e yoo sodomummaa kana keessa seene sirrii hinta’u immoo? Rawwatee karaa
sayinsiis ta’e karaa macaafa qulqulluu yoo ilaalle namni sodomummaatiin dhalata kan jedhu
hinjiruu, shaakalaan kan itti seenamuudha malee.

Macaafni qulqulluun gachaan sodomummaa cubbuu akka ta’e inibsa. Cubbuu kaninni ta’eefis :-

A. Waaqayyoo dhiira tokkoo fi dubara tokko giddutti ofii isaanii qulqullummaan eegachuun
gara gaa’elaatti seenanii umurii guutuu isa jiraataniin morma. S.Um 1:27-28; 2:24; Mat
19:6; Efe 5:22-33; 1Pex 3:7
B. Waaqayyoo akeeka gaa’elaa keessatii isa barbaade namni horee baayatee lafa akka guutu
isa jedhuun morma. S.Um 1:27-28; Milk 2:15
C. Jeeqamsa qaamaa, hawaasummaa fi hafuuraa fiduu waandanda’uuf.

Macaafa qulqulluu keessatti karaa kiristoos dhiifamni cubbuu namaaf ta’u warra sodomii
ta’aniifis waan godhamuuf, qalbii isaanii diddiratanii gara waaqayyootti deebi’uu indanda’u.
namootni akkasii yoo nuqunnaman akka amantootaatti maal gochuum qabnaa? Waaqayyoo
cubbuu jibba malee cubbamaa hinjibbu. Kanaaf isaan jaallachuudhaan hojii isaanii jibanaii;-

 Tajaajila gorsaa kennuufii


 Kadhataan isaan gargaaruu
 Guutummaan guutuutti bilisa hamma ba’aniif duukaa bu’uu

152

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 Of eeggachuu.

3.4. Filmiwaan Saalqunamtii (Pornography)

Pornografiin jecha Girikii yammuu ta’u, bara durii dubartoota galamootummaan jiraatan karaa
ifaa ta’een kan ibsu barullee garaagaraa fi hojii ogummaa garagaraa kan ibsuudha. Bara keenya
kanatti deebinee yammuu ilaallu hojiin barulleen dhiyaatu inni durii sun teknoloojiidhaan bifa
fakkii fi Videotti jijjiramee mullataa jira. Fedhii saalqunamtii namaa xuraa’ummaaf kakaasuuf
kan hojetan oduun saalqunnamtii, filmii, suuraa fi bilbilaan kan ta’u Pornografii jedhama.

3.4.1 Macaafni Qulqulluun waa’ee Pornograafii maal jedhaa?

Yoh.2: 16 ergamichi yoohannes sababi cubbuu kan ta’an waan gurguddaa lama kutaa kan
keessatti caqase. Isaanis hawii foonnii fi hawii ijaa. Filmiwaanii fi suurawaan saalqunnamntii
ilaaluun/ Pornografiin cubbuun akka nu bittu godhu. Kunis hawii ijaa jedhama. Sababi isaa
cubbuun kan jalqabu kilaaluu iraan. S.Um 3:6, Iyas 7:21. Ilaalchi gara yaadaatti geddarama.
Pornografiin waan xuraawaa akka nuti yaadnu waan nu godhuuf gara gochaa xuraawaatti nu
oofa. Efe.5:3; Fil.4:8. Macafni qulqulluun yaada keessan wanta lafa irratti isa hidhu ofkeessaa
ajjeessaa jedha. Pornografiin gochaa xurawoo ta;an caalaatti kan nuti kakasanii dha. Qol.3:5.
Dhuma irratti pornografiin foon namaa fi hafuura namaa xureessuudhaan gara
gaalamootummaatti nugeessa. M.Fak 6:25-28; HiZq 20:30; Efe 4:19, Yesuus kan nufayiseef
qulqulloota taanee akka jiraanuuf.1Pex 2:9. Suusii pornograafiitiin namni qabame macaafa
qulqulluu dubbifachuu fi kadhachuu hindanda’u. macaafa qulqulluun yammuu nubarsiisu keessa
namummaa kessan keessatti haareffamaa mjedha. Rom 12:2. Namummaan keessan iddoo
haffuurri qulqulluun jiraatu waan ta’eef foonin cubbuu hojjetamu hundumaa of irraa fageessaa
jedha. 1Qor 5:9-11; Gal 5:19-21; Efe 5:1-5; Qol 3:5-6; Ib.12:15-17.

Kanaaf maal hagoonu ree?

A. Kadhachuu( Mat 26:41; Efe 6:18; 1Tas 5:17-18


B. Ofqulqulleessuu. (2Qor 7:1)
C. Shaakala barre sana dhiisuu(1Pex 1:14)
D. Irraafagaachuu Far 34:14; 1Xim 6:11;2Xim 2:22; 1Pex 2:11)
E. Yaada yaadaan loluu.(2Qor 10:5; Fil 4:8; Qol 3: 2

153

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

3. Saalqunamti dhuunfaan itti gamadan

Shaakala ofi ofii ittin gammachiisaniidha. Shakala kana dhirrii fi durbuu ofi ofii isaanii
wantoota garaagaraatti fayyadamanii ofii isaanii gammachiisuuf kan yaalanii dha.

3.5.1. Macaafni Qulquluun waa’ee Saalqunnamtiin ofii ofi gammachiisuu maal jedhaa?

Dhuunfaadhaan of gammachiisuu ilaalchisee wantoota nuti raawachuu qabnu macaafa qulqulluu


keessaa qajelfamoota tokko tokko ilaalla. Macaafa qulqulluun yammuu nu gorsu

Ejjaa fi xuraa’ummaan hawiin foonis rawwatee isin keessatti hindhaga’amin iyyuu jedha,Efe
5:3), akkasumas immoo waan nyaatanii fi waan dhugdan hundumaa ulfina waaqayyoof godhaa
jedha. 1Qor 10:31. Sababii kanaaf ofi ofiin shakala salqunnamtii gochuun of gammachiisuun
ulfina waaqayyoof waan hinfineef mgochuu hinqabnu. Ittidabalees namuummaan keenya dhiiga
kiristoos bitamuu isaa beekuu qabna. 1Qor 6:19-20. Qajeelfamoota macaafa qulqulluun kana
irraa kan ka’e ofi ofiin fedha salqunnamtiin of gammachiisuun cubbuu ta’uu isaa
inmirkaneessina.

Boqonnaa 4:- Naamusa Hawaasummaa

4.1. Siyasa/ Politika Waldaa Kirstiyaanaa

Polotika /siyaasa kan jedhu jechi kun afaan Girikii irraa kan madde yammuu ta’u hiikaan isaa
Lammi jechuu dha. Siyaasni saba tokko geggeessuuf ogummaa fayyadauudha. Waldaa
kiristiyaanaa keessatti gaafiin ka’aa jiru keessaa kiristiyaanootni siyaasa keessatti qooda
fudhachuu indanda’uu isa jedhuudha. Yoo fudhachuu qabu ta’ees hamma kamitti? Kan jedhuu
dha.

4.1.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee Kirstiyaanotni Siyaasa keessatti hirmaachuu


ilaalchisee maal jedhaa?

Kiristiyaanotni siyaasa keessatti hirmaachuu hinqaban warri jedhan akka falmiitti kan isaan
kaasan, biyyi lafaa guutummaan isaa harka isa hamaa jalatti qabamtee waan jirtuuf kan nuti
duukaa buunee jiru Gooftaan kan biyya lafaa kanaa waan hintaaneef, kiristiyaanotnis kan biya
lafaa kanaa miti. Sababi kanaaf kiristiyaanni lammi biya waaqa irraa waan ta’eef, wantoota biya

154

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

lafaa kanaa kana ta’an siyaasa dabalatee irraaofeegatanii jiraachuu qabu jedhu. Yoh 17:4,
Fil.3:20; Yai.1:27; 1Yoh 5:19). Siyaasi xaba gadheedha jechuun hirmaachuu hinqaban jedhu.

Kakuu moofaa keessatti waaqayyoon filatamanii gara taayitaatti kan dhufan jijirama guddaa kan
fidan seenaa namootaa inargina. S.Um 41:37-39; Dan 2:48; 5:29; 6:1-3,28.

Kakuu haaraan kiristiyaanni kallattii siyaasa keessa seenanii hahirmatan kan jedhu kallattiin
abbommi kenname hinargannu. Hata’u iyyuu malee kiristiyaanni tokko dhuunfaa isaattin
sadarkaa biyyaa bulchuu keessaa hirmachuu kan isa dhowus hinbareeffamne. Sababii kanaaf
waldaan kirstiyaanaa akka dhaabbataatti ittigafatama ergama wangeelaa ishee yammuu baatu,
amanaan immoo dhuunfaa isaati ittigafatama ergama waangeelaa raawachaa dhuunfaan immoo
siyaasa keessatti hirmaannaa gochuu indanda’a. dhimmi kana akka dhaabbataa fi akka
dhuunfaatti ilaaluun ngaariidha. Kiristiyaanotni iddoo jiranitti amala kiristoosin calaqisuudhaan
dhugaadhaa fi firdii qajeelaaf dhaabachuu qabu. Kan waamamneef hammeenyaa fi jallina waliin
makaa akka jiraanuuf miti waan ta’eef. (Efe 5:11, 1Qor 13:6).

Kiristiyaanitni mana mootummaatti ittigafatama garaagaraa iratti ramadamanii uumataaf tajaajila


garagaraa kennuu indanda’u. iddoo irraatti baobba’an hundumaatti ofii isaanii utuu hinxureessin
amanamummaan hojjechuu qabu. Dan 6:5,22; Ast 10:3; Mat 14:1; Luq 7:5; 23:50-51).
Kiristiyaanotni maqaa waldaa kiristiyaanatiin partii siyaasaa dhaabba

4.2. Diddaa Uummataa

Diddaan uummataa tarkaanfii humnaa tokko malee sabni mirgaa isaa fi firdiqajeelaa
kabachiifachuuf wallansoo godhamuu dha. Diddaan uummataa kallatii garagaraan ibsamuu
indanda’a. Fakeenyaaf, hojii dhaabuudhaan, tajaajillii fi omishi fudhatama akka hinqabane
gochuun, mana utuu hinba’in ooluu, hiriira nagaa ba’uu kankanafakatan ta’u.

4.2.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee Diddaa Uummataa maal jedha?

Nammotni kaka’insa gochuun diddaa hojii dhaabuu yoo godhan kiristiyaanotni ga’een isaanii
maal ta’uu qabaa? Mootummaan walqixummaa yoo hinkabachiisu ta’e kiristiyaanotni maal
gochuu qabuu? Isa jedhu irratti kiristiyaanotni yaada garaagaraa kennu. Kiristiyaanotni diddaa
keessatti hirmaachuu hinqabnu kan jedhan gooftaa yesuusin fayisa isaa godhatee namni fudhate,
macaafa qulqulluu jiraataa hojii hojjetu ta’uu isaa kan amanu, qajeelfama isaa duukaa bu’uu

155

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

qaba. Nuti diddaadhaaf hinwamamne. Efe 5:11, mootummaan taayitaa irra jiru seeraa ala hojjeta
yoo ta’e, saba kan abdachiise hinraawatu yoo ta’e qajeelummaan fi dhugaan bitaa hinjiru waan
ta’ef firdii mataa isaa irratti walitti qabataa jira jechuudha. Kana yoo ta’e kiristiyaanotni tarkaanii
isa jalqabaa dhugaa jaalalaan dubbachuu qabu. akkuma Yohaannis cuupphaa dhugaan yammuu
jal’atu dubbachuu jechuu dha. Ittifufuun kadhachuu dha. H.er 12:22-23; 1Xim 2:1.

Kana waan ta’eef mootummaadhaan mormuun seera waaqayyiootiin mormuu dha. Phawuloosii
fi Peexiroos mootummaadhaaf bitamaa yammuu jedhu mootummoonni yeroo sanaa gaarii waan
ta’aniif mit. Caalaatti iyyuu warra waldaa kiristiyaanaa irratti rakina dabalan turan. Hata’u iyyuu
malee gaa’een kiristiyaanotaa bitamuufiidha. (Rom 13: 1-2, 1Pex 2:13). Didaan uumataa
ilaalchisee waldaan kiristiyaanaa mootummaaf abbomamuu yeroo attami diddi isa jedhu
yammuu ilaalluu:

 Mootummaan waaqayyo akka hinwaaqessine yammuu dhowu ( S.Ba 5:1)


 Ulfaa baasuu yammuu ayyamu.S.Ba 1:15-21
 Amantoonni waaqa tolfamoo akka waaqessaniif yammuu ayyamu.Dan 3:1-7
 Lallaba wangeelaa yammuu dhorku.( H er4:17-20)
 Namni akka waaqaatti yammuu itti sagadamuuf dirqisiifaman. ( Mul 13:4-8)

4.3. Sanyummaa

Sanyummaan garaagaraummaa bifaan fi sanyii irraan kan ka’e offii ofii kan biraa irra
caalchisanii of ilaaluu dha. Goosummaan immoo sabummaadhaan gargar hiruu, goosni inni
tokko isa kan biraa hundumaa irra akka caaluttu ilaaluun waara kan biraa bituuf mirgan qaba
jechuu dha.

4.3.1. Macaafni Qulqulluun waa’ee Sanyummaa maal jedhaa

Umuriin sanyummaa hamma umurii namni cubbuutti kufee sana dheerata. S.Um4:8. Macaafni
qulqulluun nama kamin iyyuu gaditti akka hinilaalle nu barsiisa.namni hundinuu akka bifaa fi
fakeenya waaqayyootti uumame. S.Um2:7. Waaqayyo nama hundumaa nama tokko irraa waan
uumeef sanyi nama hundumaa jaallachuu fi walqixummaatti ilaaluu qabna. (H.er 17:26-27;
1Yoh 3:10)

156

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Waaqayyo bira walcaalchisuun hinjiru. S.Kes 10:16-17; H.er 10:34-35; Rom 2:11;Efe 6:9.
Amala kanas nuuf hireera, Yesuus irra jaalala nuti arganne seexanaa fi biya lafaa irra kan hafee
nama hundumaa jallachuuf humna kan qabuudha. ( Mat 5:43-48); 1Qor 12:12-13; Mul 7:9;
14:16. Kaayyoon wangeelaa nama fayyisuu qofa utuu hinta’in tokkos ingodha.

Cubbuu itti yaadee barbaadee kan hojjetu sanyiin nuukeessa hinjiru. Sababi kanaaf warri
sanyummaan hidhamanii jiran gooftaati dhalatan jechuun nama rakkisa. Kanaaf sanyummaa
nama hafuura isaatti dadhabaa adeemuu isaa fi gadi bu’uu isaa agarsiisa malee guddina
hinagarsiisu.

4.3.2. Dhoksaa tokkummaa Waldaa Kiristiyaanaa

Tokkummaan waldaa kiristiyaanaa mana tokko keessatti walitti qabamuu irra kan darbee dha.
Tokkummaa kan fidu nu miti, hojii furii ta’uu yesuusin kan argameedha. Kan nutty himame
akkasumaan tola kan fudhanne tokkummaa sana akka eeggannuu dha. Kanaaf dhoksaan
tokkummaa:-

 Abbaa tokko irraa dhalaneerra. Yoh 1:13


 Kiristoosiin uumamaa haaraa dha. 2Qor 5:17
 Bu’aa dhaqnna tokkoti. Rom 12:4-5
 Ergama tokko fudhanneerra Mat 28:19-20
 Akka gargar hinbaanetti hojjetamneera. Yoh 15:1-8; 1Qor 12:12-27; Efe 2:20-22

Boqonnaa 5:- Naamusa Dinagdee

5.1 Hojii

Hojii jechuun jecha afaan Ibrotaa Mask kan jedhu irraa kan dhufe yammuu ta’u hiikaan isaa
Gochaa jechuudha, kunis sochii waaqayyoo fi gochaa isaan mul’ate.S.Um5:29, Far
8:3.waligalatti yammuu ilaalamu hojiin sochii Waaqayyoo fi namaatii yammuu ilaalamu
waaqayyo biratti kan beekamee fi kennaa waaqayyoo akka ta’e hubatna. Hojii ilaalchiseeilaalcha
dogogoraa sadiitu jira. Isaanis hojiin abaarsa, hojiin bu’aa abaarsaati, hojiin dadhabbiidha kan
jedhanii dha.

157

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

5.1.2. Macaafni Qulqulluun waa’ee Hojii maal jedhaa?

5.1.2.1. Hojii Kakuu Moofaa keessatti.

Macaafa qulqulluu keessaatti waa’ee hojii utuu hindubbatin dura namani hojii hojjetu tokko hojii
cimaan qabamee akka jirutu mul’ata. Hojetichis Waaqayyoo dha. Akkaataa ilaalcha waaqayyoo
keessatti hojii wanti jedhamu akka jiruu fi hojiin kunsi ulfina akka ta’ee waaqayyoodhuma irraa
hubatna. Inni hojiidhaaf hiika kenne waaqayyoo ofi isaati hojjetaadha. Hojii akkuma uume
fakeenyi hojjetaas isuma.

Hojiin walittidhufeenya namootaa miti. Waaayyo biraa kan argame eebba. Sababa kana ta’eef
nama bifa isaati uumameef hojii kenne.S.Um1:27-28,2:15, S.Ba 20:8-9, S.Lew 25:3. Waaqayyoo
dhibaa’ummaa injaallatu. M.Fak6:6-11; Mil 9:10.

Waaqayyo waaqaa fi lafa erga uumee booda hojii isaa kanumaan hinxumurre. Fuulaa isaa
uumama isaa irraa hindeebfne.Far 91:1-16; Mat 6:25-34; H.er 17:28; Fil.4:19

5.1.2.2. Hojii Bara Kakuu Haaraa

Akkummaa kakuu moofaa YAHWEH n hojjechaa akkuma turee Yesuusis kakuu haaraa
keessaatti nama hojii ture. Yeroo tokko akkuma dhugaba’ameef muka sooftuu ture. kan biraan
immoo Barsiisaa jedhamee waamamaa ture.warra wangeela barressan irraa akkuma dhageenye
yeroo tokko illee hojii isaa addan kutee hinbeeku. Waa’ee ofii isaa yammuu dubbatu abbaan koo
yeroo hundumaa hojeeta anis nanhojjedha jedhe. Yoh 5:17

Goosi hojichaa garagara hata’uu iyyuu malee hojiin ulfina. Waaqayyoo akka nama hojii goosa
garagaa hojjetutti waamameera. Suphedhooftuu, qoteebulaa, eegduu, nama mana ijaaru, nama
warqee hojjetu, jedhameera. Maaqoota kanaan yammuu waamamu yeroo tokko illee itti yella’ee
hinbeeku.

Kakuu haaraan waa’ee hojiif qajeelfama baa’ee kenna.( Luq 19:11-27, 1Qor 15:58,Efe 6:7;
Fil.2:14, Qol.3:22-25, 2Tas 3:6-13;1Xim5:8; 2Xim2:6;Tit.2:9-10.

158

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

5.1.3. Naamusa Hojii

Naamusi hojii kiristiyaanaa kan nubarsiisu, waa’ee hojiif ilaalchaa fi hubannaa niti qabnu
ballifnee ilaaluun aadaa hojii akka qabaanuuf qajeelfama nuuf kenna.

 Hojii akka dieqama naamusaatti. Macaafni qulqulluun akka nubarsiisutti hojiin ilmaan
namaatti kan kenname dirqama naamusaa akka ta’eedha. Hojii hojjechuu waaqayyoo
Addaamii fi Hewaaniif kufaatii duras kufaatii boodas abboommi kan kennameedha.
 Dhibaa’ummaa. Macaafa qulqulluu keessaatti baay’ee kan beekamee fi kan ittin
mormame dhiibaa’ummaa balleessuu dha. Hojii hojjechuu dhiisuun ittigafaatama ofii isaa
fi sanyii dhala namaa hundumaaf qabu fudhachuu dhiisuu dha.
 Hojiin Waaqayyoo biraa adraa nutty kennameedha. Waaqayyoo hawaasa namoota
ga’umsa hojii garaagaraa qaban irra walittiqabe. Inni tokko qoteebulaa, kaan loltuu, kaan
mootii dha. Kaan haadha manaa, kaan hojii uffata dha’uu kan hojetaaniidha. Biya lafaa
kana irratti hojii nuti hojjenu hundinuu hojii waaqayyooti. Hojiin waaqayyoo harkaa
adaraa nutty kenname waan ta’ef namoota hinamaneef faakeenya gaarii taanee agarsiisu
qabna.
 Hojiin ulfina. Macaafa qulqulluu keessatti hojiidhaaf sadarkaan ba’ee hinarginu. Hojiin
kun gaarii dha, inni sun gaarii miti kan jedhu hinarginu. Garuu hundinuu ulfina qabeessa.
 Hojii yammuu hojjennu Waaqayyo inulfaata. Hojii kan hojjennu ulfina uumaa keenyaaf
akka ta’uuf hojjenna. Uumamni akeeka uumameef yammuu raawwatu waaqayyo
inulfaata.
 Kan uumamneef hojjechuudhaaf. ( hojii hojjechuu akka dandeenyutti uumamne.
Jalqabatti hojiin ofii keenaafis ta’e namoota kanbiroos waan nu barbaachisu kan ittin
arganuudha. Lammaffaa hojii kan hojjennuuf akkeeka uumamneef sana
dhugoomsuuf.Sadaffaa hojii kan hojjennuuf walgrgaaruuf

159

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

Gaafii keessa deebii Naamusa Kirstiyaanaa


Dhugaa ykn Soba jedhaa deebisaa

1._________ Tiippii fi Commissionin tokko

2._________Hojii hojechuun abboommi waaqayyo kufaatii duraa fi Kufaatii booda nama


abboomeedha.

3.________Kiristiyaanotni Siyaasa keessatti hirmaachuu hinqaban

4._______Saayinsiis ta’e macaafa qulqulluun akka nu hubachiisanitti jireenyi Sodomummaa


shaakalaan kankeessa seenanidha malee kan ittin dhalate hinjiru.

5. ______Macaafa qulqulluun sirbii fi sirbituun ija hojii foonii akka ta’ee fi kan kana godhan
mootummaa waaqayyootti akka hingalle barsiisa.

II. Walitti firoomsi

AB

__6. Shakala Amala A. Du’a Gaarii

__7 Ta’e jedhanidhuma nama ajjeessu B. Ulfa Baasuu

__8. Namusa Dinagde C. Naamusa

__9. Namusal Saalaa D. Of ajjeesuu

__10. Namusa Hawaasummaa E. Midiyaa Hawaasaa

F. Midiyaa Hawaasaa

G. Hojii

H. Waldaa Kiristiyaanaa fi Siyaasaa

160

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

III. Deebii sirrii isa qabuu filadhu

1. Waa’ee sobaaf ilaalcha sirriin isa kam?

A. Sobni Yeroo tokko tokko sirrii dha.

B. Sobni waligaatti dogogora

C. Sobni sirris dogoggoras mit

D. Deebii hinqabu.

1. Amala waaqayyoo fi Ifa Sagalee Waaqayyooyotin Dhugaa soba irraa, gaarii hamaatti kan ittin
gargar baafnu qajeelfmni maal jedhama?

A. Namusa

B. Naamusa Kirstiyaanaa.

C. Hunduu deebii dha.

3. Naamusi kirstiyaanaa maaliif barbaachisee?

A. Kallaatti eenymmaa waaqayyootin

B. Macaafni qulqulluun waa’ee naamusa Kiristiyaanaa baayinaan waan dubbatuuf.

C. Dhalootaa yaada naamusaa isa sirrii ta’een guddisuuf.

D. Hunduu deebii dha.

14. Qajeelfama Naamusaa kirstiyaanaa keessa kan ta’e isa kam?

A. Burqaan isaa Amala waaqayyooti.

B. Buu’rri isaa mul’ata Waaqayyooti.

C. Dubbii Waaqayyootiin of mul’isa.

D. Hunduu deebii dha.

161

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

15. Maddi Naamusa Kirstiyaanaa maalfayi?

A. Macaafa qulqulluu

B. Hafuura Qulqulluu.

C. Waldaa Kiristiyaanaa.

D. Hunduu deebii dha.

16. Waa’ee horii ilaalchisee sirri kan hinta’in isa kami?

A. Waaqayyootu kenna.

B. Qulqulloota akka ittin gargaaruuf.

C. Horiin Burqaa Hameenyaatii.

C. Ittigafatama hafuuraa akka ittin baanuuf kan nutty kennaeedha.

17. Waa’ee ulfa baasuu ilaachi sirriin isa kami?

A. Ulfa baasuun lubbuu baasuu waan ta’eef namusa kiristiyaanaa keessaatti fudhatama hinqabu.

B. Ulfi sun nama guutuu waan hintaaneef baasuun indanda’ama.

C. Ulfi sun nama guutuu utuu hinta’in kan biraa irratti maxxanee jiraata.

D. Hunduu deebii dha.

18. Akeekni naamusa Kiristiyaanaa maali?

A. Namni qulqullummaa waaqayyootin akka jiraatuuf.

B. Fedhi waaqayyoo maal akka ta’e adda baafachuuf.

C. burqaa gaarummaa hundumaa isa ta’e wwaaqayyoo wajjin walittidhufeenya uummuudhaaf.

D. Hunduu deebii dha.

162

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

IV. Gaaffii armaan gadiif deebii sirri kenni

19. Namusa kirstiyaanaa keessaa waa sadi barreessi.

20. Kutaa keessatti kan baranne keessaa waa’ee naamusa kirstiyaanaa macaafni qulqulqulluun
maal akka jedhu irratti ibsi?

Macaafota Wabii

 Erickson, Millard J. Christian Theology. Grand Rapids; Baker, 1985.


 Grudem, Wayne, Systematic Theology; an Introduction to Biblical Doctrine. Leicester,
1994.
 Kostenberger, A. J., Kellum, L. S. The Cradle, the Cross, and the Crown; an Introduction
to the New Testament. Nashville Tenn, 2009.
 ሀሮልድራው ሊንግስ፤መሠረታውያን የባፕቲስት እምነቶች።አዲስ አበባ፡- ቀራኒዮ ባፕቲስት።

 ለማደገፋ፤ የሕይወት ውቅሮች። አዲስ አበባ፡- ሊደርሺፕ ትራንስፎርሜሽን ሚኒስትሪ፣ 2004 ዓ.ም።

 መለሰ ወጉ (ዶ/ር) ፤መስቀል አልባ ክርስትና። አዲስ አበባ፡- ፋርኢስት ትሪዲንግ፣ 2007 ዓ.ም።

 መርዓዊ ንጉሴ (መጋቢ) ፤ ለላቀ የሕይወት ስርዓት ከጌታ ዘንድ የተለቀቀ ቱንቢ።አዲስ አበባ፡-

አሳታሚው አልተጠቀሰም፣ 1998 ዓ.ም።

 መልሳቸው መስፍን (ዶ/ር) ፤ ቤተክርስቲያን። አዲስ አበበ፡- አንድነት አታሚዎች፣ 2007 ዓ.ም።

 ሙላቱ በላይነህ (ዶ/ር) ፤ የአገልግሎት ተግዳሮትና መፍትሔዎቻቸው። አዲስ አበባ፡- አሳታሚው

አልተጠቀሰም፣ 2009 ዓ.ም።

 ሰለሞን አበበ ገብረመድኅን፤ የደነበረው በቅሎ።አዲስ አበባ፡- ርኆቦት አታሚዎች፣ 2007 ዓ.ም።

 ሳሙኤል ሳላቶ (መጋቢ)፤ መሰረታዊ ክርስትና አጠቃላይ አስተምህሮ። አዲስ አበባ፡- እሌኒ

ማ.ቤ.ኃ.የተ.የግ..ማ፣ 2009 ዓ.ም።

 ሳሙኤል ሳላቶ (መጋቢ) ፤ ታላቅ ብድራት ያለው ሕይወትና አገልግሎት። አዲስ አበባ፡- እሌኒማ.

ቤ.ኃየተየግ.ማ.፣ 2009 ዓ.ም።

 ሽመልስ ረጋ (ተርጓሚ)፤ ይህች ዓለም ምን ትሆናለች?። አዲስ አበባ፡- አሳታሚው አልተጠቀሰም፣

1998 ዓ.ም።

163

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 በልሁ ደለለኝ (መምህር)፤ ደቀ መዝሙር። አዲስ አበባ፡- ሶላር ማተሚያ ቤት፣ 2006 ዓ.ም።

 በልሁ ደለለኝ (መምህር)፤ ደቀ መዝሙርና የተልዕኮ ሕይወት። አዲስ አበባ፡- ሶላር ማተሚያ ቤት፣

2006 ዓ.ም።

 ቢኒያም በፈቃዱ (መጋቢ)፤ ለመከሩ ሰራተኞች። አዲስ አበባ፡- ሰለሊአም፣ 2016 ዓ.ም።

 ቤንናያ እና ሙሳሲይ፤ እናንተም በረከት ትሆናላችሁ። አሳታሚው አልተጠቀሰም፣ 2001 ዓ.ም።

በወንጌል ብርሃን ዓለም አቀፍ ቤተክርስቲያን ትምህርት ክፍል የተዘጋጀ-149

መሠረታዊ የክርስትና ትምህርት (መጽሐፍ ሦስት) የአገልግሎት ማዘጋጃ ትምህርት

 ተስፋ በዳሳ (ዶ/ር)፤ የአዲስ ኪዳን አገልግሎት። አዲስ አበባ፡- ባርኮት አታሚዎች፣ 2006 ዓ.ም።

 ተስፋ ወርቅነህ (ዶ/ር)፤ የስብከተ አዘገጃጀትና አቀራረብ። ቴክሳስ፡- የኢትዮጵያ አቀራረብ

ክርስቲያኖች ሕብረት ቤተ ክርስቲያን፣ 2007 ዓ.ም።

 ተስፋዬ መስፍን፤ ሂዱና ደቀ መዝሙርት አድርጓቸው። አዲስ አበባ፡- ኤስ.አይ.ኤም፣ 2009 ዓ.ም።

 ተስፋዬ ሮበሌ፤የ ትምህርተ ስላሴ መሰረታውያን፡- መጽሐፍ ቅዱሳዊ፣ ታሪካዊና ምክንዮአዊትነታኔ።

አትላንታ ጆርጂያ፡- ተስፋ ዐቃብያን ማህበር፣ 2010 ዓ.ም።

 ተስፋዬ ሮበሌ እና ምንሊክ አስፋው፤ በእምነት መኖር። አዲስአ በባ፡- ተስፋ ዐቃብያን ማህበር፣ 2010

ዓ.ም።

 ተስፋዬ ሮበሌ፤ ከእምነት እንቅስቃሴ መምህራን ትምህርት ተጠበቁ። ሚሽገን፡- ተስፋ ዐቃብያን

ማህበር፣ 2011 ዓ.ም።

 ተስፋዬ ሮበሌ፤ ዶክትሪን አስፈላጊነውን?

 ተኩ ከበደ (መጋቢ)፤ የቅዱሳን በአየር መነጠቅ። አዲስ አበባ፡- ፋርኢስት ትሬዲንግ፣ 2005 ዓ.ም።

 ተካልኝ ነጋ (ዶ/ር)፤ የጸሎት- የንግድ ቤት? አዲስ አበባ፡- ርኆቦት አታሚዎች፣ 2010 ዓ.ም።

 ታምሩ ዘለቀ፤ የትንቢት መንፈስ። አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል አማኞች ቤተክርስቲያን፣

1985 ዓ.ም።

 ቻላቸው መከረ፤ የመጽሐፍ ቅዱስ የአተረጓጎም ስልት። የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ስነ መለኮት

ሲሚናሪየም፣ 2004 ዓ.ም።

 ኃይሉ ቸርነት (ዶ/ር)፤ ደቀመዝሙር። 2003 ዓ.ም።

164

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 አበራ አባይ (ዶ/ር)፤ የቤተክርስቲያን ተከላና እድገት።አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ስነ

መለኮት ሴሚናሪ፣ 2008 ዓ.ም።

 አቤንኤዘር ተክሉ (ዲያቆን) ፤የእምነት እንቅስቃሴ፡- የዛሬይቱ ቤተ ክርስቲያን ፈተና። አታሚው

አልተገለጸም፣ 2010 ዓ.ም።

 ኢያሱፈረንጅ (ዶ/ር) ፤ምስክሮቼ ትሆናላችሁ።አዲስ አበባ፡- ሮሆቦትአታሚዎች፣ 2007 ዓ.ም።

 አድያምሰገድ ወልደማርያም፤ መሰረተ አስተምህሮ።ምኮሎራዶ፡- አሳታሚው አልተጠቀሰም፣ 2009

ዓ.ም።

 አድያምሰገድ ወልደማርያም፤የኤፌሶን መጽሐፍ ጥናት።አዲስ አበባ፡- ማንኩሳ ማተሚያ፣ 2011

ዓ.ም።

በወንጌል ብርሃን ዓለም አቀፍ ቤተ ክርስቲያን ትምህርት ክፍል የተዘጋጀ -150

መሠረታዊ የክርስትና ትምህርት (መጽሐፍ ሦስት) የአገልግሎት ማዘጋጃ ትምህርት

ኤልያስ በቀለ፤ክርስቲያን እና ፖለቲካ፡-

በፖለቲካ ሂደት ውስጥ የሚኖረው የቤተ ክርስቲያን የክርስቲያኖች ተሳትፎ።አዲስ አበባ፡- ኤስ.አይ.ኤም፣

1996 ዓ.ም።

 እንደሻውነጋሽ፤ትንቢትእናነቢያት፡- ብሉይኪዳን፣አዲስኪዳን፣ወቅታዊጉዳዮች።አዲስአበባ፡ -

ሮሆቦትአታሚዎች፣ 2011 ዓ.ም።

 እንደሻው ነጋሽ፤ የኪዳን ታሪክ፡- የብሉይ መጻሕፍት ዋና ዋና ጭብጦች።አዲስ አበባ፡- ሮሆቦት

አታሚዎች፣ 2009 ዓ.ም።

 ካሳሁን አጌቦ (መጋቢ) ፤የክርስቲያን ስነ ምግባር።አዲስ አበባ፡- ኢንተርናሽናል ሊደርሺፕ

ኢንስቲትዩት፣ 2008 ዓ.ም.

 ዘሪሁን ታከለ፤የመንፈስ ቅዱስ ስጦታዎች መጽሐፍ ቅዱሳዊ አጠቃቀም። ያልታተመ፣ 2005 ዓ.ም።

 የተሐድሶ ጥሪ (መመርመር-መመለስ-መታደስ) ፤አዲስ አበባ፡- 2007 ዓ.ም።

 የወንጌል ስርጭትና መንፈሳዊ መነቃቃት።አዲስ አበባ፡- የኢተዮጵያ ሙሉወንጌል አማኞች

ቤተክርስቲያን፣ 1985 ዓ.ም።

165

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

 ዳንኤል መኰንን (መጋቢ) ፤የክርስትና እድገት (ክፍል አንድ እና ሁሉት)።አዲስ አበባ፡- አሳታሚ

አልተጠቀሰም፣ 1997 ዓ.ም።

 ዳንኤል መኰንን (መጋቢ) ፤ደቀ መዝሙርነት። አዲስ አበባ፡- ሊቶ ማተሚያ ቤት፣ 1990 ዓ.ም።

 ገብሩ ወልዱ፤የመንፈስ ቅዱስ ስጦታዎችና አጠቃቀማቸው። አዲስአበባ፡- አርቲስቲክ ማተሚያ ቤት፣

1987 ዓ.ም።

 ጋዲሳ አዱኛ፤ የመጨረሻ ዘመን። አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ ሙሉ ወንጌል ሴሚናሪየም፣ 2008 ዓ.ም።

 ፀጋዬ አበበ፤ የብሉይ ኪዳን አሰሳ። አዲስ አበባ፡- አሌሉያ አታሚዎች፣ 2001 ዓ.ም።

 21 ቀን ሀገር አቀፍ የጾምና ጸሎት ወቅት የቀረቡ ጥናታዊ ጽሁፎች። በኢትዮጵያ ኒው ሚሊኒየም

2000 ፕሬየር ቼይን የተዘጋጀ፣ 2006 ዓ.ም።

 መጽሐፍ ቅዱስ። አዲስ አበባ፡- የኢትዮጵያ መጽሐፍ ቅዱስ ማህበር፤ ብርሃንና ሰላም ማተሚያ ቤት፣

1954 ዓ.ም።

 መጽሐፍ ቅዱስ። ቀላል አማርኛ፤ በኢትዮጵያ መጽሐፍ ቅዱስ ማህበር፣ 1980 ዓ.ም።

Deebiiwwan Gaaffiiwwan Garaa Garaa

Deebii Gaaffiiwwan Waa’ee Akkaataa qorannaa Mafaa Qulqullu

I. Dhugaa Ykn Soba


1. Soba
2. Soba
3. Dhugaa
4. Dhugaa
5. Dhugaa

II. Walitti firoomsi

6.B

7.F

8.D

9.E

166

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

III. Deebii sirri ta’e filadhu

11. D

12. B

13. C

14. D

15. C

16. D

17. A

18. B

19. A

Deebii Gaafiwaan Ilaalcha kakuu Moofaa fi Haaraa

I. Dhugaa ykn Soba

1. Soba

2. Soba

3. Dhugaa

4. Dhugaa

5. Soba

II. Walitti Firomsi

6. A

7. G

8. B.

9. F

10. E

167

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

III. Deebii sirri ta’e filadhu

11. D

12. D.

13. B

14. B

15. A

16. D

17. C

18. B

Gaafiwan Kennaa Ayyanaa fi ittifayadama isaa

I. Soba ykn Dhugaa

1. Soba

2. Dhugaa

3. Dhugaa

4. Dhugaa

5. Dhugaa

II. Walitti firoomsi

6. C

7. F

8. B.

9. A

10. E

III. Debii sirrii ta’e Filadhu

11. B

12. D

168

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

13. A

14. D

15. C.

16. B.

17. D

18. D

Deebiwan Tajaajilaa fi Tajajila isaa

I. Dhugaa ykn Soba

1. Dhugaa

2. Dhugaa

3. Soba

4. Dhugaa

5. Dhugaa

II. Walitti firomsi

6. D

7. F.

8. A

9. C

10. F

III. Deebii sirrii isa ta’e Filadhu

11. C

12. A

13. B

14. D

15. D

169

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

16. C

17. A

18. D

Deebii Gafiwan Waa’ee Ga’ela Kieistiyaanaa

I. Dhugaa ykn Soba

1. Dhugaa

2. Soba

3. Soba

4. Dugaa

5. Dhugaa

II. Walitti firoomsi

1. C

2. B

3. D

4. A

5. G

III. Deebii isa sirrii ta’e filadhu

1. D

2. C

3. D

4. A

5. D

6. D

7. B

8. D

170

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e


Bu’ura Barumsa Kiristiyaanaa (Macaafa 3)_____________________________Barumsa
Tajaajilaa

9. ----------

10.---------

Deebii Gafiwan Waa’ee Naamusa Kiristiyaanaa

I. Soba Ykn Dhugaa

1. Soba

2. Dhugaa

3, Soba

4. Dhugaa

5. Dhugaa

II. Filannoo

1. B

2. B

3. D

4. D

5. D

6. C

7. A

8. D

9. -------------------

10.-------------------

171

Waldaa Kiristiyaanaa Wangeel Birihaan Addunyaatiin Kan Qophaa’e

You might also like