You are on page 1of 4

Soora Lubbuu Maxxansa/Issue 1 Ebila/April 2012

Waaqeffannaan Waaqummaa Waaqayyoof Qofaaf.


Luba Mazgabuu Tuuchoo
Waaqefannaan oolmaa waaqayyo namaaf godheef jecha waaqeffachuu ykn waaqayyoon
tajaajiluu uttu hin ta’in Waaqayyo guddaa fi qulqulluu waan ta’eef qofa.
“Bantiin Waaqaa tessoo kooti, laftis ejjeta miilla kootiiti, eessatti mana anaaf ijaartu? Iddoon
boqonnaa kootiis eessa? Kana hundumaa harka kootu hojjete, wanti kun hundinuus akkasuma in
ta’an; ani garaa isa gad deebi’aa fi isa hafuura cabaa, garaa isa yommuun itti dubbadhu hollatu nan
ilaala”Isa. (66:1-2)
Yaadni kun gabaabaatti, waan ani isiniif godhe ykn waan isin anaaf gootan utuu hin ta’in; nama
garaan isa anni waaqa ta’uu isaa hubatee fi isa sodaatuu fi isa jaallatu ni ilaala. Waaqayyoos aarsaa
akkasiitti kan inni gammadu.
Waaqayyoon waaqeffachuun waaqeffachiisuu, faaruu mimminyaa’aa faarsuu, kennaa jaalalaa
funaanuu, fi kadhataan waldaa tajaajiluu qofa miti. Waaqeffannaan dhugaa garuu guutummaa jireenya
keenyaatiin aarsaa dhiheessuudha. Faarfannaa, kadhaa fi tajaajilla garaa garaa keessatti qooda
fudhachuun waaqeffannaa keessa issa tokkoodha malee isa jalqabaa fi isa dhumaa miti. Waaqeffannaan
inni duraa Waqayyoon oolmaa inni nuuf ooleef waaqeffachuu utuu hin ta’in Waaqayyowaaqa waan ta’e
qophaaf galateeffachuudha. Waaqayyoon waaqummaa isaatiif galateeffachuun “praise” yeroo jedhamu;
waan inni namaaf godheef galateeffachuun garu “thanks” jedhama. Haa ta’u malee garuu, lachuu
saatiifuu hin galateeffanna, kan dursu garuu eenyummaa issaatiif galateeffachuudha. Yoo oolmaa inni
nuuf oole qofaaf galateeffanna taane garuu yeroo gaaffiin keenya deebii otuu hin argatin turu gungumuu
nutti fida. Mac Iyob1:21-22 irratti, Iyyoob ijoolleensaa fi qabeenyaa inni qabu hundu in dhuman; Iyyoob
garuu akkana jedhe, “Waaqayyotu kenne, Waaqayyotus fudhate, maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu”
jedhe male Waaqayyoon hin hadheessine, hin yakkines. Yeroo haati warraa Iyyoob; “Ati amma iyyuu
qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du’i” jeteen ( Iyoob 2:9-10), Iyyoob haadha
warraa isaatti hin dheekkame. Isheen waan Waaqayyoo namaaf godhu oolmaa isaa qofaaf galateeffachu
malee eenyummaa isaatiif galateeffachu hin beektu turte. Faarfannaa Daaw’itiin dabalatee macaafa
qulqulluu keessatti namoota Waaqaayyoo baay’ee isaanii yoo ilaalle hundi isaanii abbummaa fi
waaqummaa Waaqayyoof jecha waaqayyoon galateeffatanii ulfina isaaf kennanii ulfina argani darban
malee oolmaa waaqayyoof jecha waqayyoon ulfeessanii galateeffachaa hin turre

Nuti Waaqayyoon kan Waaqeffanuuf inni qajeelaa fi qulqulluu waan ta’ef Waaqeffachuutu nutti jira.
Iyyoob qorumsa galateeffannaan mo’ee darbee dachaa eebba argate. Hadha manaa isaa dabalatee lammii
fi hiriyyaa iasa irraa gadda malee jajjabina hin arganne. Inni garuu waaqayyoon waaqessuu waan beekuuf
jabaatee dhaabbate. Waaqayyos amantii isaa waan argeef harka isa qabe.

Ebila/March 30 fi 31 soomaa fi kadhatan yeroo turre Gooftaan ayyaana ijoollee isaatti waan baayyiseef
lallabdootaa fi faarfattoota keenyaan kora hafuuraa guy’aa sadi’iif (Ebila/April 6-8) qabaanne gooftaan
bay’isee waan nu eebbiseef Gooftaa galateeffanna. Ay’aana walii- walii keenyaas bar’ee akkasittiin
walitti ebbifamneerra. Obleettonnis xummura sagantaarratti dhangaa minyaan nu sooraniiru.

Gooftaan wara nu tajaajilan hundumaa dacha dachaa haa eebissu!

Fuula/Page 1
Soora Lubbuu Maxxansa/Issue 1 Ebila/April 2012

IJOO DUBBII
Guddinni waldaa tokkoo kan inni mullatu yoo miseensonni ishee hafuuraan guddachuu
isaanii agarsiisan duw’aadha. Namni hafuuraan guddatu garuu nama Waaqayyoon garaa
qulqulluun jaallatuudha. Namni Waaqayyoon jaallachuun isaa kan irraa mullachuu jalqabu yeroo
inni hiriyyaa, fira,fi lammiisaa haalaaf yeroo irratti hundaa’ee jaalala fakkeessaa agarsiisuu
jalqabu otuu hin ta’in, yeroo inni jaalala dhugaa kan onneerraa madde agarsiisuu jalqabuudha.
Akkasumas, yeroo hafuuraan guddannu dubbiin afaan keenya keessaa ba’u, ilaalchi keenya, fi
sochiin qaama keenyaa (our body language) otuu hin hafin eenyummaa keenya nutti himu waan
ta’eef haala kana hundumaa ofi irratti ni to’anna. Kana irraa kan ka’eedha kan nuti jaalala
fakkeessaa isa haalaaf yeroo irratti hundaa’ee fi jaalala dhugaa isa abbaan keenya inni waaqarraa
ittiin nu jaallateen nama jaallachaa jirachuu keenya kan nuti addaan baafnee ittiin hubannu.
Waldaan keenya bu’aa ba’ii baayyee keessa dabartee jirti, haa ta’u malee, harras rakkoo
hin qabdu jechuu keenya miti. Harra garuu waldaan keenya mullata guddaadhaan miseensonni
ishee harka wal-qabatanii murannoodhaan ka’anii waldaa kanaaf bu’uura kan ta’u galma mana
qulqullummaa ijaarruuf ka’anii jiran. Kun guddina agarsiisa. Haa ta’u malee, dhimmi kun akka
inni bakka ga’uuf jaarsoliin waldaa fi Lubi waldaa jabinaan irratti hojjechuu qaban.
Waaqayyoonis alkanii guyyaa irratti kadhachuun baayyee barbaachisaadha. Hojiin diinaas
mullata kana balleessuuf akka halkan tokkoof illee hin ciifne hirraanfachuun nutti hin jiru.
Tokkummaa waldaa kanaa eeguun tokkoon tokkoon miseensa waldaa kanaa irraa eegama.
Jaarsoliin waldaa fi Lubi waldaa moo miseensa kam caalaayyuu itti gaafatamummaa guddaa
qaban. Kanaaf jabaannee harka walqabnnee haa sochoonu.
Garee Qopheessitoota Irraa

“Yommuu dubbiiin baay’atu Qopheessitoota:


Cubbuun hin hafu, Gorsaa Amantii:
namni arrab isaa eeggatu Luba Mazgabuu Tuuchoo
garuu hubataadha;
arrabni nama qajeelaa Hungulaalaan:
akka meetii fo’amaati, Solomon N. Germossa
yaadni nama jal’aa garuu
gatii hin qabu; Itti aanaa Hungulaalaa:
arrabni nama qajeelaa
nama baayyee ni soora, Dessaaleny B. Waaqessaa
warri gow’oonni garuu
qalbii dhabuu isaaniitiif in
Du’u.”

Mac fakk 10:19-21

Fuula/Page 2
Soora Lubbuu Maxxansa/Issue 1 Ebila/April 2012

Cubbuuttii Birmadoomuun Daandii Jireenyaati


Solomon N. Germossa
Jecha “Birmadummaa” ykn “Walabummaa” jedhu kana otuu namoota hundumaa gaafannee
akkaataa dandeettii fi fedha isaaniitti hiika garaa garaa itti kennu. Akka guuboo jechoota Oxforditti
(Canadian Oxford dictionary, 2000), birmadummaa (freedom) jechuun, haala walaba ta’e tokkoon
daangaa tokko malee waan fedha ofii gochuu jechuudha. Jechi kun dhiibbaa siyaasaa, hiriyyaa fi firri
namatti fidu irraa qulqullaa’anii sammuu qulqulluu fi yaada ofiitti jiraachuu, mirga walqixxummaa
qabaachuu fi kanneen kana fakkaatan kan biroos ni dabalata. Kaayyoon koo garuu birmadummaa akka
guuboo jechootaa fi beektotaatti lallabuuf miti. Birmadumaan akka macaafa qulqulluutti maali? Bu’aan
isaa hoo maali? Kan jedhu ilaasuuf malee.
“Namni cubbuu hojjetu hundumtuu garbicha cubbuuti” (W.Yoh 8:34.)

Cubbuun gara garbummaati nu geessa. Garbummaa keessa jiraachuun immoo dukkana keessa
jiraachuudha. Bu’uurri cubbuumoo fedha fooniitti. Warri fedha fooniitti jiraatan immoo mootumaa
waaqayyoo hin dhaalan. (G.W,Gal 5:21). Kanaaf birmadummaa jechuun akka macaafa qulqulluutti
cubbuu ykn fedha foonii irraa jabeessanii of eeguudha. Namni mana Waaqayyoo dhaaluu barbaadu
birmadummaatti jiraachuu qaba waan ta’eef. Kun immoo jaalalaa fi walii abboomamuu irratti hirkata.
“Isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan
yaada fooniitiif karaa hin kennin”.( G.W.Gal 5:1.) Hojii Foonii:
“Halalummaa, xuraa’ummaa, jireenya gadi dhiisii, waaqayyoolii tolfaman waaqessuu, qoricha
namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba’uu,
barsiisaan gargar cabuu, weennoo, machii, albaadhummaa, fi kanneen kana fakkaata” (G.W.Gal 5:19-
21)
Yasuus kiristoos birmadummaa nu baasuuf jecha dhiiga isaa lolaasee, lafee isaa bobeesse.
Gochaa isaa kanaanis jaalala nuuf qabu nutti agarsiise. Birmadoomnee hafuura qulqulluutti akka jiraanuuf
jechas aarsaa baase. Namni birmaduu qabu dhugaa hubata waan ta’eef. Dhugaan immoo bilisa ykn
birmadummaa nama baasa.(G.W. Gal5:1; W.Yoh 8:32; 2G.W.Qor 3:17). Namni hojii birmudumaatti
jiraatumoo jiruuf jireenyi isaa hojii hafuuraati. Hojii Hafuuraa:
“jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,
garraamumummaa, dhaafi waan hammeenya irraa of dhowwuu” G.W.Gal 5:22-23

Namni birmadummaatti hin jiraanne ykn sammuu bilisa ta’e tokkoon hin jiraanne jijjiirama tokko
ofii isaafis ta’e hawaasa isaa keessatti jijjiirama tokkolee hin fidu. Ogeessichi Albert Enistein akkas
jedha, “Everything that is really great and inspiring is created by the individual who can labor in
freedom”. (Out of My Lattes Years, 1950). Macaafi qulqulluunis bakka garaa garaatti waanuma kana
fakkaatu ibsa. Kanaaf yaa obbolootako, jireenyi keenya jireenya birmadummaatti jiraachuu haa ta’u.
Sammuun keenya dhiibbaa firaa fi hirriyyaan keenya nurran ga’u irraa bilisa haa ta’u. Waan hojjenu
irraatti yaadi keenyaa fi hojiin keenya dhiibbaa kam irraa iyyuu yoo bilisa ta’e bor hin gaabinu. Yoos Ofii
keenyaafis, haawaasa keenyaafis jijjiirama guddaa fiduu dandeenya waan ta’eef. Akkasumas kan nuti ofii
keenyaafis, hawwaasafis, akkasumas waaqayyoof jaalala guddaa qabaannu yoo birmadummaa ykn
walabummaa mataa keenyaa qabaanne qofa waan ta’eef. Jaalalli imoo hundee guddinaa fi hafuuraatti
jiraachuuti. Waaqayyo nama dubbii waaqayyootti jiraatu nu haa godhu yoos birmaduu bara baraa argana
waan ta’eef.
“Dubbi kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota kooti. Dhugicha hin
hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” (W.Yoh 8:31-32)

Fuula/Page 3
Soora Lubbuu Maxxansa/Issue 1 Ebila/April 2012

Jaalala/Love/: Jaalalli hundee nageenyaati


Dassaaleny Waaqasaa,

Namni, “Waaqayyoon nan jaaladha” jedhee, obbolessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu
dha; obboleessasaa* isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin-
danda’u”. Egaa namni Waaqayyoon jaallatu, obboleessa isaa akka jaallatuuf abboomina
kana isa biraa arganne. (* saala lameenuu bakka bu’a). 1 Ergaa Yohannis 4: 20-21
Namoonni wa’ee jaalalaa guyyuu dubbatu. Beektotni/philosophers/,namoonni asoosama
barreesson/novelists/, namoonni faarfannaa ykn sirba barreessan /songwriters/, namoonni fiilmii
hojjetan/film-makers/, ogeesotni amantii/theologians/ wa’ee jaalalaa karaa adda addaa ibsaniiru. Wa’ee
jaalalaa yeroo yaadan maaltu sammuu keenya keessa dhufu; nageenya, gammachuu, kunuunsamuu,
arjummaa, dhugaa, walii-galtee fi kan kana fakkaataniidha? Garuu jaalala jechuun maal jechuudha? Isin
jaallatamuu ni barbaadduu? Jaalachuu hoo ni barbaaddu?.
Hiikni jaalalaaf kenname ballaa waan ta’eef qabxii tokkoon cuunfanii ibsuun nama rakkisa. Haa
ta’uyyu malee beektotni hiikkaa jaalalaa bakka sadiitti qoodu. Isaanis; Eros (jaalala dhirsaafi niiti jiddu
jiru), Philia(jaalala maati jiddu jiru)fi Agape(jaalala waaqayyoo biraa nuufi gadhiifame) jedhamu. Anis
barreeffama koo kana keessatti ibsuu kan barbaade wa’ee jaalala “agape” isa jedhamuuti.
Waaqayyo jaalala; Inni duraan dursee waan nu jaalateef, nutis jaalanne. (1 Ergaa Yohannis 4:19).
Jaalallisa inni laphee keenya keessa jiru akka nuti jaalannuufi jaalatamnuuf nugargaara. Waaqayyos akka
inni waan tokko malee nu jaallate nutis obboleessa keenya waan tokko malee/dantaa waliin utuu wal-hin
qabsiisiin/ akka jaallannuuf abboommi nuu kenneera. Obboloowwan koo; inni Waaqayyoo wal-jaalladhaa
jedhee abbommii nuu kenne kun maal jechuudha? Yeroo wal-argan walitti marmanii wal-dhungachdhaa?
yeroo wal-irra siqan immo wal-hamachuudhaa? Yeroo obboleessi keenya rakkatu hidhii xuuxuudhaa?,
yeroo dantaa wal-irraa barbaannu wal-jaalachuu yeroo dhimma keenya guuttanu immoo wal-irra
fagaachuudhaa? wal-shakkuudhaa? Wal-tuffachuudhaa? Ufittummaadhaa? Walitti hinaafuudhaa?…kun
hundi abboommi Waaqayyo nuuf kennerra fagoodha; kan inni nuu kenne jaalala soba/artifical/ isa akka
armaan olitti ibsamanii utuu hintaane “ jaalala dhugaa” ti. (Rom 12:9-10).
Jaalalli dhugaa; gammachuun obboleessa kee jaallachuu dha, yoo obboleessi kee rakkate
rakkinasaa furuuf gargaaruu dha, karaa ufii kee deemeettee jireenya kee fooyyeffatte akka obboleessi kee
hordofee jireenyasaa fooyyesatuuf muxannoo gaari qabdu itti agarsiisuudha, waan garii ufiif jaallattu
obboleessa keefis jaallachuu dha, walumaagalatti waaqayyo cubbuu keenya nu baraaruuf jecha ilmasaa
tokkicha Yesuus kiristoosin akka dabarsee nuu kenne nutis rakkina obboleessa keenyaa furuuf dabarsinee
ufi-kennuu jechuudha.

Waaqayyoo jaalala dhugaa nuuf-qabu argisiisuuf jecha cubbuu keenya nurra dhiqee nu bilisoomsuuf
ilmasaa tokkicha dabarsee nuu kenne. Nuti immoo jaalala isaaf qabnu argisiisuuf obboleessa keenya akka
waaqayyoo abboommi nuu kenneen jaallachuu qabna. Obboloowwan koo meeqan keenyatu jaalala
dhugaatiin wal-jaallata? Warri jaalala dhugaatiin obboleessa keessan hin-jaallanne akka Waaqayyoonis
jaallachaa hin jirre hubattanii utuu ooltanii hin bulin qalbii keessan jijjiirachuu qabdu. Utuu qalbii
jibbiinsaa, fakkeessuu, ufittummaa, soba…. Hin jijjiiratin mana waaqayyootti deddeeb’uun bu’a
tokkoyyuu hin qabu. Mootummaa Waaqayyoos dhaaluuf qopha’oo miti. Kanaaf mee hundi keenya bakka
jiruu uf-haa ilaallu, jaalalaan hundumaa moo’uun akka danda’amus gooftaa keenya Yesuus kiristoosirra
baranee nutis nama nu lolee fi nu jibbe jaalalaan dhugaa jiru barsiisudhaan mo’uuf laphee keenya haa
bannu. Yoo obboleessa keenya jaallanne, Waaqayyoon jaallanne jechuudha. Kun immoo nageenyaa fi
gammachuu akka argannu nu-taasisa. Sammuun keenyas boqonnaa akka argatu godha. Jireenya
barabaraas ni arganna. Kana akka gochuu dandeenyuufis Waaqayyo nu haa gargaaru.
Ameeeeeeeeeeen!

Fuula/Page 4

You might also like