You are on page 1of 19

Cuuphaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.

                               Cuuphaa

"Egaa dhaqaa, maqaa Abbaa kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluutiin isaan
cuuphuudhaan, saba hundumaa duuka bu’oota  koo taasisaa”  Mat.28:19

Hiika Cuuphaa – cuuphaa jechuun cuuphamuu, bishaan keessa seenanii bahuu


jechuudha. Cuuphaan icciitiiwwan Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo
keessatti raawwataman keessaa isa tokkoo fi kan jalqabaa yommuu ta’u,
amantoonni kan mana amantaatti ittiin galan, mucummaa fi kabaja Waaqayyorraa
kan ittiin argatan dha. Icciitii wanti jedhameefiis mucummaa Sillaasee
(Sadummaa) isa ijaan hin argamne kan ittin arganuu fi warreen hin amanneef
icciitii jedhama.

Bu’uura Cuuphaa - Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa


soddomatti laga Yordaanositti harka Yohaannisitti cuuphamee namootni hundis
akka fayyaniif lammata dhalachuuf cuuphamuu akka qaban barsiiseera, ofii isaa
cuuphamuudhaanis nuuf bu’uuresseera. Kanaaf Gooftaa fi Fayyisaan keenya
Iyyasuus Kiristoos dhuma barumsa isaa irratti “Deemaatii maqaa Abbaa  Ilmaa fi
Afuura Qulqulluutiin cuuphaa duukaa buutota koo taasisaa” jedhee duukaa buutota
isaa ajajeera (Maatewoos 28:19). Isaanis ajaja barsiisaa isaanii irra kennameef
fudhatanii namoota addunyaa Wangeela barsiisuun cuuphanii ijoollee Waaqayyoo
taasisaniiru.

Cuuphaan maaliif barbaachise?


 Dhalli namaa jalqaba abboommii  Waaqayyoo cabsee gorsa seexanaa
dhagahuudhaan muka Jannata keessa jiran hunda nyaadhu muka isa waan gaarii fi
yaraa nama barsiisu kana immoo hin nyaatiin jedhame nyaachuun dhala namaa
hundarratti duuti du’aa irratti murtaa’ee abaarsaan jiraachaa turan. Bara boodaa
Gooftaa Iyyasuus biyya lafaa kanatti yeroo barsiisaa ture “Dhuguma dhuguman
isiniin jedha namni lammata bishaanii fi afuura irraa dhalachuu baannaan jireenya
bara baraa hin qabu (Yohaannis 3:3-6)” jedhee akkuma dubbate cuuphaan kan
barbaachise jireenya bara baraa argachuuf ykn immoo Mootummaa Waaqayyoo
dhaaluf jechuudha. Kiristoosiitiin kiristaanota, Ilmaan immoo ilmaan (Ijoollee)
Waaqayyoo kan nu jechisiisu cuuphaadha. Akkuma namni haadhaa fi abbaa isaa
irraa al-tokko qofa dhalatu Cuuphaanis erga takkaa cuuphamanii irra hin
deebi’amu; Qulqulluu Phaawuloosiis “Cuuphaanis Gooftaaniis amantiinis tokkuma
(Efeesoon 4:5)” jechuun kiristaanota bara sanaaf nuuf warra boodaafis
barreesseera. 
Kiristaana jedhamuufis guyyaa Jimaataa Gooftaan yommuu fannifamee cinaachaa
isaa waraanan bishaan jireenyaa cinaacha isaa keessaa dhangala’een cuuphamnee
ilmaan (ijoollee) Waaqayyoo jedhamuu qabna. Bishaan kun kan argamu, Lubni
bishaan gabateetti naqame irratti kadhannaa Kitaaba Kiristinnaa irra jiruu fi
kadhannaa galataa (Qiddaasee: Tokkichi Abbaan Qulqulluu Tokkichi Ilmi
Qulqulluu Tokkichi Afuurri Qulqulluunis Qulqulluu jedhee) kadhachuun
bishaanicha eebbisa. Yommus bishaanichi icciitii guddaatiinii fi amantiidhaan gara
bishaanicha isa cinaacha mirgaa Gooftaa keessaa dhangala’eetti jijjiirama. Bishaan
kanaan cuuphamuudhaan abaarsa durii fi garbummaa seexanaa jalaa bilisa baana;
Ilmaan Waaqayyoos ni taana, jireenyi haaraan nuuf kennama. Jireenyi haaraan
kunis kan nuuf kennamu Afuura Qulqulluutiini dha.
Cuuphaan kakuu moofaa keessas jira ture. Garaagarummaan cuuphaa kakuu
moofaa fi haaraa; yeroo kakuu moofaa fakkeenyaaf Iyyoobii fi Ni’imaan laga
Yordaanositti cuuphamanii dhibee foonii irraa fayyanii turan. Cuuphaan kakuu
moofaa kun akkuma himame dhibee foonii qofaa irraa namoota itti amananiif
fayyisaa ture. Kakuu haaraatti garuu ilmummaa Waaqayyoo kan nuuf kennu,
garbummaa seexanaa jalaa kan nu baasuu fi kan ittiin cubbuun keenyi nuuf
dhiifamu dha.

Cuuphaadhaaf bishaan maaliif filatame?


Sababiin inni duraa Gooftaa fi Fayyisaan keenya kaayyoon inni dhufeef  keessaa
tokko fakkeenya nuu ta’uuf waan tureef inni bishaaniin akkuma cuuphame, nutis
kiristaanonni bishaaniin cuuphamna (Maatewoos 3:13-16). Karaa kan biraa
yommuu barsiisaa tureettis dhalli namaa Mootummaa isaa dhaaluuf bishaanii fi
afuura irraa dhalachuu akka qabu ajajeera (Yohaannis 3:3-6). Inni sadaffaan erga
Gooftaan gara samiitti ol-ba’ee booda duuka buutotni isaa bishaaniin namoota
amanan cuuphaa turaniiru (Hojii Duuk 8:38). Bishaan bakka hundaatti nama
hundaaf walqixxeetti argama; cuuphaanis nama amane hundaaf walqixxummaan
kennamuu isaa ibsa. Bishaan yommuu dhiqatan akkuma xurii namarraa
qulqulleessu akkasuma cuuphaanis cubbuutiin lubbuu xuroofte sana qulqulleessee
ijoollee Waaqaa taasisa jechuudha. Raajichi Hiisqi’eelis “Bishaan gaariitiinis isinin
cuupha (Hiizqi’eel 36:25)” jedhee dubbachuun isaa bishaan cuuphaaf filaamuu isaa
nuuf ibsa.

Bishaan keessa seenanii cuuphamuun maaliif barbaachise?


Gooftaan keenya kan cuuphame bishaan keessa seenuudhaan ture (Maat. 3:16).
Manni amantaa bara duukaa buutaotaa turtes akkasuma gochaa waan turteef,
“Isaanis gara bishaaniitti wal-fudhatanii bu’an (Hojii Duuk. 8:38)” nutis
fakkeenyummaa kan fudhannee akkasitti sirna cuuphaa raawwanna. Karaa kan
biraa yommuu cuuphamnu bishaan keessa seenuun keenya Kiristoos wajjin
awwaalamuu keenyaaf fakkeenya yommuu ta’u, cuuphamnee bahuun keenya
immoo Gooftaa wajjin du’aa ka’uu keenyaaf fakkeenya ta’uun agarsiifama.

Fakkeenya Cuuphaa Kakuu Moofaa keessatti


1.     Bidiruu Nohi – Bidiruun Nohi maatii isaa fi isa akkasuma bineeldotaa fi
bineensota baay’ee bishaan badinsaa irraa isaan fayyisteetti (Seera Uuma. 7:17).
Jaroonni saddeet bishaan badinsaa irraa kan fayyan bidirichaan ture (1Pheexroos
3:20-21). Fakkeenyi kun dhugaa ta’ee cuuphaadhaan kakuu haaraa keessatti bakka
bu’uun ilmaan namootaa badinsa bara baraa jalaa bahaniiru.
2.     Dhaqna Qabaa – kakuu moofaa keessatti dhaqna qabaachuun saba Waaqayyoo
ta’uuf akkuma fayyadaa ture, kakuu haaraa keessattis cuuphaadhaan bakka bu’ee
dhalli namaa cuuphaadhaan mucummaa Sillaasee argatee saba Waaqayyoo
jedhama (Seera Uum. 17:14, Qolaasiis 2:11).
3.     Sabni Israa’eel galaana Eertiraa (Diimaa) cehuun (1Qoroonxoos 10:1-2)
isaaniis akka fakkeenya cuuphaatti ilaalama. Yommus akkuma sabni Israa’eel
galaana sana ce’ee garbummaa warra Gibxii jalaa ba’e, nutis har’a cuuphaadhaan
garbummaa seexanaa jalaa baanee ijoollee Waaqayyoo taaneerra.  
Cuuphaa Yohaannis (Cuuphaa Gaabbii)
Yohaannis Cuuphaan warri Yihudootaa Gooftaa akka fudhataniif (itti amananiif)
karaa haxaawaa kan ture yommuu ta’u yeroo kana cuuphaa kiristaanummaaf
qopheessuuf yoo jedhu cuuphaa gaabbii ykn qalbii jijjiirrannaa isaan cuuphaa ture.
Cuuphaan gaabbii kunis ilmummaa Waaqayyoo kan argamsiisu otoo hin ta’iin, yoo
yeroo soomii waanta nyaachuun hin eeyyamamne nyaanne abbotni nutti facaasan
akkasumas namootni dhukkuba foonii isaanii irraa akka fayyaniif  kan cuuphamani
dha. Dabalataanis namni cubbuu hojjetee abbaan gaabbii isaa qannoonaa isaaf
kenne erga raawwatee booda ni cuuphama. Kunis Yohaanniis akkas jedhee waan
dubbateefi “Yohaannis  biyya naannoo Yordaanos keessa deemee cuuphamaa,
yaada garaa keessanii geeddarachuu keessan mul’isaa, Waaqayyoos cubbuu
keessan isiniif ni balleessa (Luqaas 3:3).”

Gooftaan Waggaa 30tti maaliif cuuphame?


Addaam nama waggaa 30 ta’ee uumame ture. Guyyaa 40ttis ilmummaa
Waaqayyoo kan argatee ture; seexanni dogoggorsee ilmummaa isaa dhabsiise.
Addaam lammaffaa kan jedhame Iyyasuus Kiristoos ilmummaa Addaam jalqabaa
fi sanyii isaa deebisuuf wanta dhufeef; Addaam waggaa 30tti ilmummaa Sillaasee
kan dhabe deebisuufiif akka ta’e beeksisuufi dha. Mucummaa isaan kan deebiseef
cuuphaadhaan ta’uu isaa beeksisuuf laga Yordaanisitti cuuphame. Amantoonni
tokko tokko Gooftaan waggaa 30tti waan cuuphaameef nutis cuuphamuu kan
qabnu waggaa 30tti jedhanii amanu. Kuni garuu ilaalcha sirrii miti; sababni isaas
namni yoo otoo waggaa 30 hin guutiin du’e otoo hin fayyiin hafa ykn immoo
Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu jedhuudha. Kanaaf Waaqayyoo waggaa 30tti
kan cuuphame sababa gubbaatti ka’eefi malee nutis akkasuma waggaa 30tti akka
cuuphamnuuf miti.

Gooftaan Cuuphamuun maaliif isa barbaachise?


    Sadummaa isaa ragaa bahuuf – guyyaa cuuphaan dura sadummaan Waaqayyoo
ifaan bahee hin beekamu ture. Gooftaan lafa Yordaanositti yommuu cuuphamu
icciitiin Sadummaa (Sillaasee) ifaan mul’ateera. Innis Abbaan hurrii keessaan
“Kun ilma koo isa ani jaaladhudha, isattis baay’ee nan gammada” yommuu jedhu
Abbaan Ilmaa ni beekame; Afuurri Qulqulluunis amala jireenya isaa ta’uu ibsuuf
fakkeenya gugeetiin isarra taa’ee mul’ate. Ilmis qaama isaatiin yeroo laga
Yordaanos keessatti cuuphamu mul’ate.Yommus Waaqayyo Tokkummaa fi
Sadummaa isaa dhala namaaf ibse.
   Raajii yeroo kakuu moofaa keessatti dubbataman raawwachuufi dha. Faarfannaa

76(77):16, R.Hiizqi’eel 36:35

     Fakkeenya nuuf ta’uuf – otoo inni ofii cuuphamee isinis cuuphamaa jireenya bara
baraa ni argattu nuun jechuu baatee namoonni tokko tokko ykn dogoggorsitootni
cuuphaan hin barbaachisu jechuu waan danda’anii inni gaaffii namoonni kaasuu
danda’aniif duraan dursee debiseeraaf.
Cuuphaa guyyaa 40 fi 80
Manni Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa cuuphaan mana amantaa
seenuuf isa jalqabaa ta’uu isaa ni barsiifti (Yohaannis 3:5). Akka ragaa kanarraa
hubannutti cuuphaan ijoollummaa Sillaasee kan ittiin argannu, Mootummaa
Waaqayyoo kan nama gonfachiiftudha malee mallattoo miti. Ilmaan Waaqayyoo
jedhamuuf jalqaba dhalachuu qabna. Garuu namoonni tokko tokko cuuphaan
mallattoofi malee fayyinaaf miti jedhanii dubbatu. Kan irratti hundaa’anii
dubbatanis Wangeela Maarqoos 16:16 irraatti kan amane kan cuuphame ni fayya
kan hin amanne garuu itti murtaa’a isa jedhu luqqisuun kan namatti murteessisiisu
amanuu dhabuudha malee cuuphamuu dhabuu miti jedhu. Hiikni jecha kanaa garuu
kan nuuf ibsu icciitii amananii cuuphamuuti. Dabalataanis jechi kun kan
barreeffameef warra Iyyasuus Kiristoosiin hin beekneef waan tureef, duuka
buutonnis gara warra hin amannee deemanii barsiisaa waan turaniif warra hin
amanneef amanuun waan guddaa ta’uu isaa ibsuufi dha. Gooftaan Iyyasuus Duuka
buutota isaatiin gara addunyaa hunda deemaa Wangeela koo lallabaa, barsiisaa
jedhee isaanitti himuun isaa addunyaan kan hin amanne ta’uu isaa ibsa (Maarqoos
16:13).

Namni tokko erga amanee cuuphamuuf dirqama umriin guddaa ta’uu hin qabu.
Maatewoos 28:19 akkasumas Hojii duuka buutotaa 16:31-34 irratti akkuma
barreeffame maatii yommuu jedhu guddaas xinnaas kan of keessatti hammatudha.
Hojii duuka buutotaa 15:16 irras seenaa dubartittii Liidiyaa jedhamtuu yoo ilaalle
kanuma nu hubachiisa. Daa’immaniif cuuphaan akka raawwatamuu qabu Kitaabni
Qulqulluun ragaa ni baha. Jalqabarratti kan hubatamuu qabu Afuura Qulqulluun
afuura akka kennuuf Raajii Eermiyaas 1:5 irratti “Otoo gadameessa keessatti si hin
uumiin sin beeka; otoo gadameessa haadha kee keessaa hin ba’iinis si
qulqulleesseera” jedhee akkuma dubbate Waaqayyoon gadameessa keessatti isa
qulqulleesseera. Wangeela Luqaas 1:15 irrattis “Otoo gadameessa haadha isaa
keessa jiruu Afuurri Qulqulluun irra bule” jechuun Yohaannis Cuuphaan
gadameessa haadha isaa keessatti Afuurri Qulqulluun irra buluu isaa nuuf
mirkaneessa.

Dabalataanis namni tokko amantiidhaanis ta’e hojii isaatiin daa’ima fakkaachuu


yoo baate, Mootummaa Waaqayyoo dhaaluu akka hin dandeenye Kitaabni
Qulqulluun ragaa nuuf baha. Gooftaanis daa’ima waamee walakkaa isaanii dhaabe
“Akka daa’ima kanaa yoo ta’uu baattan Mootummaa Waaqayyoo hin galtani”
(Maatewoos 19:15, Maarqoos 10:13, Luqaas 18:15) jedhee dubbateera.
Seera Leewwotaa 12:1-8 irratti akkuma barreeffame mucaan dhiiraa fi durbaa erga
dhalatanii booda guyyaa meeqatti gara Mana Qulqullummaa geeffamuu akka
qaban ibsameera. “Dubartiin ulfooftee ilma yoo deesse guyyaa torbaaf (7) kan
xurooftedha. Dhiiga isheerraas hanga qulqullooftutti guyyoota 33f  haa teessu”
jedha. Kanaaf mucaan ilmaa dhalatee gaafa guyyaa 7 + 33 = 40 gara Mana
Qulqullummaa geeffama. “Yoo durba deesse immoo guyyaa 14f kan xurooftedha.
Dhiiga isheeerraas hanga qulqullooftutti guyyaa 66f haa teessu” jedha. Mucaan
durbaa dhalatte immoo gaafa guyyaa 14 + 66 = 80 gara Mana Qulqullummaa
geessu. Egaa Mana Qulqullummaa yommuu geessan aarsaa dhiyeessu; kakuu
haaraattis ijoolleen kun erga dhalatanii akkataa guyyoota kanaatti gaafa guyyaa 40
(dhiiraaf) fi 80 (durbaaf) gara Mana kiristaanaa (bataskaanaa) geeffamanii ni
cuuphamu, aarsaa isa dhugaa fi jiraataa isa jireenya bara baraa namaa kennu
dhiigaa fi foon Gooftaas ni fudhatu jechuudha. Kunis icciitii fayyinaa isa guddaa
dha. Gooftaa fi Fayyisaan Keenyi Iyyasuus Kiristoosis yommuu dhalate sirna kana
rawwateera.

Sababni inni kan biraan immoo Macaafa Kufaalee 4:9-12 irratti “Lafa uume akka
eeguu fi akka bituuf Addaam guyyaa 40tti haadha manaa isaa guyyaa 80tti
Jannataatti galche” jechuun,  Addaam erga uumamee guyyaa 40tti Hewaanis erga
uumamtee guyyaa 80tti gara Jannataatti akka ol-galan kaa’ameera. Jannatnis
fakkeenya Mana Amantaa taatee ilaalamti. Kanaaf Addaam mucuummaa guyyaa
40tti Hewaan immoo mucummaa guyyaa 80tti argatan dhabanii waan turaniif
sanyiin isaaniis akkasuma dhabee ture. Amma immoo cuuphaadhaan gaafa guyyaa
40 fi 80 mucummaan nuuf deebi’a jechuudha.
Sababoota adda addaatiin guyyaa kanaan ala cuuphamuunis ni danda’ama.
Fakkeenyaaf guyyaan cuuphamuu daa’imaa otoo hin gahiin yoo dhukkubee du’aaf
shakkisiisu (sodaachisu) ta’e daa’imni sun akka cuuphamu Fitihaa Nagastiin ni
eeyyama. Akkasumas namni kamiyyuu dhalatee guyyaa 40 booda yoo amane umrii
isaa kamittuu battala amanetti ni cuuphama.

Hubachiisa: Namoonni tokko tokko ykn warri shakkitootaa cuuphaan yoo hafes


namatti hin farachiisu inni guddaan amanuu dha jechuun barumsa hir’uu barsiisu,
cuuphaanis fayyina ilma namaaf qooda inni qabu dhoksu ykn immoo dogoggorsu.
Kuni garuu akkuma Wangeela Yohaannisirratti barreeffame namni lammata hin
dhalanne akka Mootummaa Waaqayyoo hin galle akeekkachiisaan dhuguma
dhuguman isinitti hima jechuun Gooftaan jecha ifa ta’een barsiiseera. Kanaaf
Mootummaa Waaqayyoo galuuf cuuphaan amanuutti aanee ulaagaa isa
lammaffaati.

Gooftaan maaliif laga Yordaanositti cuuphamee?


Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristos kan laga Yordaanositti cuuphameef :
i.                   Raajiin dubbatame akka raawwatuufi:- “ Galaanni argitee dheensite;
Yordaanosis gara duubaatti deebite….”  Farfannaa 113:3-5. Raajiin dubbatame kun
akka raawwatufi.
ii.                 Fakkeenyi raawwatame dhugaa akka ta’uuf. Yordaanositti namni Ni’immaan
kan jedhamu laga Yordaanositti cuuphamee dhibee isaa foonii irra fayyee jira. “
nama waaqayyoo kan ta’e, Elsa’i mootichi Ni’immaan jedhamu huccuu isaa
yemmuu tarsaasu yemmuu argetti; gara koo haa dhufuu jedhe” Ni’immaanis gaarii
dhaan dhaqee mana Elsaa’i biraa dhaabate. Elsaa’is gara laga Yordaanosittis si’a
torba dhiqadhu jedheen innis dhiqate  dhibee foonii isaarra fayye.” 2ffaa Mootota
5:8-14
Gooftaan laga kanatti cuuphamuun  dhibee lubbuu fi foonii irra nu fayyisuu  nuuf
ibsa.
Ni’immaan fakkeenya Addaamiiti.
Dhukkubni abaarsa Addaam.
Fayyuun isaa cuuphaan fayyuu keenyaa ibsa.
Yordaanos fakkeenya cuuphaa bishaaniti.
iii.              Yordaanos laga tokko yemmuu taatu - gadi siqxee bakka lamatti wal-hira. Isaan
laman kunis Yoor fi Daanos jedhamuu. Yoor kara warra Isira’eelotaati; Daanos
karaa warra saba Waaqayyo hin beekneti (hormootaati). Gadi siqee tokko ta’a.
bakka isaan waal-qunnaman kanattis Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos
cuuphame.
Fakkeenyi kanaas:-
Bu’urri isaa tokko ta’uun:- sanyiin ilmaan namoota tokko ta’uu jechuun sanyii
Abbaa keenya Addaam ta’uu ibsa.
Bakka lamatti qoodamuun: ilmaan namoota bu’urri isaani tokko ta’ee osoo jiruu
saba Waaqayyoo (Isira’eelota) fi warreen hormoota (saboota Waaqayyo hin beekne
) jedhamani bakka lamatti qoodamuu isaani nuuf ibsa.
Gadi siqee tokko ta’uun isaanii:- saboonni laman kun barumsaa wangeelaa tokkotti
amanuu kan ibsu dha.

Gooftaan bakka inni waal qunnametti cuuphaamuun isaa:-  tokko isin taasisuu
dhaaf dhufeera, saba gargar bahee jiru kana tokko taasisuuf dhufeen jira jechuu
dha. Dabalatan akka barsisa mana amantaa keenyaatti iccitiin Gooftaan laga
Yordaanoositti cuuphameef ergaa diinni keenyaa seexanni Addaami fi Hewaan
Gannata (Jannata) keessa baasee, isaanif hin cifne ture. Innis “Addaam garbicha
seexana; Hewaanis garbitti seexana” jedhee mallatteessiffatee ture.  Mallattoo
isaanii kanas laga Yordaanositti fi Si’ool keessatti awwalee ture. Gooftaan
keenyaas gatii xalayaa  kana barbadessuuf laga Yordaanositti cuuphame.
Xalayaa isaa Si’ool keessa jiruus gaafa guyyaa jimaata Si’ool deeme nuuf 
barbadeesse; lubboota Addaam irraa eegalanii bilisa baase.
Gooftaan maaliif gara Yohaannis deemee cuuphamee?
        Gadi of qaqqabummaa barsiisuuf
      Seera nuuf tumuu isaati. Jechuun osoo Gooftaan Yohaannis bira deemee
cuuphamuu baatee, mootoleen, abbootni qabeenya adda addaa manatti koottaa
maatii keenyaa nuuf cuuphaa jedhani abboota luboota ni rakkisu turani. Kanaaf
manni amantaa barumsa Gooftaa irraa argatte kanan ummata kamiyyuu osoo adda
hin qoodiin mana amantatti ni cuuphti.
Yohaannis yemmuu Gooftaa cuuphuu maaliif harka isaa irraa hin keenye?
Yohaannis Gooftaa yemmuu cuuphuu harka isaa irra hin keenye bishaan ofuma
isaatiin ol itti faca’e cuuphame. Sababni isaas:-
a.     
Aarsaan kakuu moofaa darbeera; aarsaan keenya si’i dha jechuu dhaaf harka isaa irra
hin keenye. Yeroo kakuu moofaa aarsaa dhaaf makoodii(gugee), horii aarsaa dhaaf
dhiyeessu turani. Namni cubbuu hojjatee aarsaa kanas qabatee dhufee harka  isaa 
wanta aarsaadhaaf  fide kanarra ka’uudhaan cubbuun isaa gara wanta qulqulluu
aarsaa dhaaf dhiyeesse sanatti darba.  Namichis cubbuu isaarra bilisa ta’a. Garuu
kakuu haaraa keessatti Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos aarsaa dhugaa nuuf ta’ee
cubbuu keenya irraa bilisa nu baase. Ibroota 7:26-28 “ Egaa luba ol aanaa
qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamtoota irraa adda
ta'e, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa. Inni akka
luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan jalqabatti cubbuu ufii isaatiif, ergasii
immoo cubbuu namootaatiif jedhee aarsaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu; inni
yommuu uf kenne sanatti al-tokko bara baraaf cubbuu namootaatiif aarsaa
dhiyeesseeraatii.”

b.     Qaamni Waaqumma tuqamuu akka hin dandeenye ibsuufi

Afuurri Qulqulluun maaliif bifa gugeetiin bu’ee?


        Yeroo bara Nooh  gugeen “ bishaan badii hir’achuu” isaaf baala ejersa qabattee
deebite. Yeroo kakuu haaraa Afuurri Qulqulluun immoo “garbi cubbuu hir’ateera”
jechuun bifa gugeetiin mul’ate.
        Makoodiin hamaa (daba) laphee ishee keessa hin qabattu, lapheen ishee qulqulluu
dha. Afuurri Qulqulluunis cubbuu hojjanneetti yoo gaabbinee daddarbaa keenyaaf
dhiifama nuuf godha (nuuf taasisa).
        Gugeen  mana ishee jalaa diiguu yoo baatanii,  ishee yoo rukutan akkasumas
phuuphaa ishee yoo jala caccabsanillee bakka ishee dhiistee hin deemtu. Namni
tokko hanga Waaqayyoo amanetti (hin gannetti) Afuurri Qulqulluuniis
uumamtootni cubbuu adda addaa hojjatanillee irraa hin fo’amu.  
        Gooftaan keenya kan cuuphamee halkan keessaa sa’aati 10tti dha. Yeroon kunis
yeroo namootni itti boqonnaa fudhatani dha; yeroo tasgabbiiti. Yeroo kanas gugeen
hin balaliitu. Osoo wanta halkan balaliitu ta’ee, Afuura Waaqayyootti
fakkeeffamtee turtee warri Yihudootaa kun Afuuraa Qulqulluu miti jedhu turani.
Waaqayyo Gooftaanis akka Afuurri Qulqulluun bifa gugeetiin bu’uu isaan
beeksisuufi.

Namootni maqa eenyuutin cuuphamuu qabuu?


Wangeela Maatewoos 28:19 “Deemaati maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura
Qulqulluutiin cuuphuu dhaan saba koo taasisa”   kan jedhu bu’uura godhachuun
manni amantaa keenyaa maqaa Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluutin ni cuuphti.
Warreen maqaa Kiristoosi qofaan cuuphna jedhan ni jiru. Isaanis Hojii duuka
bu’oota 2:38 “ Gaabbii galaa; cubbuun keessanis akka isinif dhiifamuuf maqaa
Kiristoosiin cuuphamaa,kan jedhu kana bu’ura godhachuun maqaa Kiristoos
qofaan cuuphna jedhu. Kun garuu hubannoo dhabuu dha malee asumarratti yoo
ilaallee maqaa Kiristoos qofaan kan jedhu hin jiru; maqaa Kiristoosin jedha malee.
Garuu  Sababni jedhameef  waarreen Kiristoositti hin amanneef  Kiristoositti akka
amanan taasisuufi dha. Duuka bu’ootni kaayyoon isaani inni guddaan warra
Yihuudootas ta’ee namoota Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoositti hin amanne
akka amanan taasisuu dha ture. Yeroo baay’ees maqaa Iyyasuus Kiristoos dhahuu
dhaan waantoota baay’ee raawwachaa turan. Sababni isaas warri Yihuudotas ta’ee
shakkitootni adda addaa Kiristoos irratti akka ka’an Afuurri Qulqulluun ni beeka
waanta ta’eef.

Gaaffii yeroo baay’ee shakkitootni kaasan:-


Barreeffama armaan oli jiruu keessatti gaaffilee shakkitootni kaasan baay’ee isaani
ilaallee jira. Amma garuu gaaffii tokko haa ilaallu. Innis Roomee 3:21 “Amma
garuu qajeelinni Waaqayyoo inni seeraan adda ta'e kan seerrii fi raajonni dhugaa-
ba'aniif muldhateera;  Qajeellinni Waaqayyoo kan Iyyasuus Kiristoositti amanuun
argamu kunis warra isatti amanan cufaafi; garaagarummaan hin jiruutii” kan jiru
kaasuu dhaan nuti seera eeguu dhaan ni fayyina jedhu. Garuu osoo hin cuuphamin
jechuun mucummaa Sillaasee hin argatin,  seera eeguun fayyuun hin danda’amu.”
Cuuphaas akka seera namni baaseetti kan ilaalan ni jiru. Garuu cuuphaan seera
keenya osoo hin taanee seeraa Waaqayyooti. Cuuphamaa kan jedhe Yesuus
Kiristoos waanta ta’eef.
Cuuphaan nama fayyisuuf hin ta’u warreen jedhan kun akka sababatti
bu’uureffatan “Faayitaawwi Zayamaan” akkamitti Jannata galuu danda’e? jedhanit
gaafatu. Innis kan  fayyee osoo hin cuuphamin, amantaa dhaani jedhu.”
Dhugaa jiruu haa ilaallu:- Kitaabni Qulqulluun akka nutti himutti cuuphaan
karaalee sadiin gaggeeffama.
1.     Bishaanii fi Afuuraa Qulqulluun - Yohaannis 3:3-5
2.     Ibidda fi Afuuraa Qulqulluun - Maatewoos 3:11
3.     Dhiigaan – 1Yohaannis 5:6-8 “Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis
Iyyasuus Kiristoos, inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin
dhufne; kanas hafuuratu dhugaa ba'a; Afuurri dhugaadhaatii. Dhugabaatota sadiittu
jira; Isaanis Afuura, bishaanii fi dhiiga sadanuus walii galu.”
Ragaan armaan olii akka nuuf ibsutti faayitaawwi zayamaan kan “cuuphamee
cuuphaa dhiigaati” jechuudha. Inni mucummaa Sillaase dhiigaan argate. Egaa
gabaabumatti namni tokko yoo cuuphamuu baatee Mootummaa Waaqayyoo
dhaaluu miti ijaanu arguu akka hin dandeenye Kitaabni Qulqulluun ifaan nutti
hima (Yohaannis 3:3).
Hubachisa:- Daa’imni tokkoo saala lamaan yoo dhalate jalqaba qaama saalaa
kamiin cuuphamti? Akka kitaaba Fitaa Negestii irratti jiruttii “Saala jalqaba
fincooftee ni dha.”.
Cuuphuudhaaf aangoo kan qabu eenyuudha?
Akka Maatewoos 28:19 irratti hubannutti akka cuuphaanif  Gooftaan aangoo kan
kenneef duuka bu’ootaaf ture; isaanis Phaaphasoota isaan duraati. Lakkoofsi
amantoota baay’achaa wanta dhufeef aangoon cuuphuu hanga luubotaafis
kennamee jira.       
 
Cuuphaa Duukabu’oota
 Duuka bu’ootni kan cuuphaaman mana gaafa guyyaa kamisaa galgala mana
Alaazaaritti Gooftaan yemmuu miila isaanii dhiquu dha. Gooftaan iccitii tokkoon
raawwi lama raawwate. Isaanis cuuphaa fi gadi of qaqqabuu dha. Duukabu’ootni
maaaliif luka (miila) qofaan cuuphaman?
Luubotni Isiraa’eel yemmuu Taabota Tsiyoon baatani galaana Yordaanos ce’an,
miila qofaan cuuphaman malee qaama guutuun miti. Kanaaf fakkeenya kana
raawwachuufi (Iyyaasuu 3:11). Kunis cuuphaa ta’uu muldhisuuf yeroo Gooftaan
miila isaanii dhiquuf ka’u; Qulqullichi Pheexroos ati miila koo naaf dhiquun
akkamitti naaf danda’ama jechuun yeroo diduutti “ Yoo dhiqachuu didde anaa
waliin jiraachuu hin dandeessu” jedheeni ture. Kunis cuuphaa malee Waaqayyoon
waliin jiraachuun akka hin danda’amne muldhisuufi. 2ffaa Qor 4:17, Muldhata
21:15.
Faayidaalee Cuuphaa
1.Lammaffaa dhalachuu
Yohaannis 3:5 “Dhuguma dhuguman isiinin jedha namni lammaffaa bishaani fi
afuura irraa dhalachuu yoo baate, gara Mootummaa Waaqayyoo seenuu hin
danda’u.” Qulqullichi Phaawuloosis kanuma bu’ura godhachuu dhaan cuuphaan
lammaffaa haaroomuu jechuu dha jedheera. Tiitoo 3:5 “ …inni sababii qajeelina
nu hojjanneetiif otoo hin ta'iin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise; innis
dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Afuura Qulqulluutiin nu fayyise”
Kaayyoon cuuphaa inni guddaan ilmummaa Sillasee argannuufi.”
2.     Cubbuun keenya nurraa bada
Hojii duuka’oota 2:38 “cubbuu keessan akka isin irra baduuf gaabbii gala; maqaa
Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiitinis cuuphamaa.”
3.     Qulqullina fi eebba ni arganna
Efesoon 5:25-26 “Yaa dhiirsota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaalatee
mataa isaa dabarsee isiif kenne sana isinis niitota teessan jaaladhaa. Innis karaa
dubbii isaatiin bishaaniin isii dhiqee qulleessuun akka ishiin qulqulluu taatuuf ”
4.     Fayyina lubbuu ni arganna
Maariqoos 16:16 “kan amanee fi kan cuuphame ni fayya”
1ffaa Pheexroos 3:21 “Bishaan kun fakkeenna cuuphaa ammayyuu isin fayyisuuti;
cuuphaan kunis dhiqannaa xurii nafaa otoo hin ta'in kakuu namni yaada qulqulluun
Waaqaaf kakatuu dha. Innis karaa du'aa-ka'iisa Iyyasuus Kiristoosiitiin isin
fayyisa.”
5.     Gooftaa Iyyasuus Kiristoos ni fakkaanna
Galaatiyaa 3:26-27 “Hundi keessan amantii Kiristoos Iyyasuus qabdaniin
ilmaanWaaqayyoo ti. Isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin
uffattaniirtuutii.”
6.     Cuuphaa dhaan jireenyi keenya ni haaroma
Roomee 12:2 “Fedhiin Waaqayyoo inni gaariin, inni fudhatamaanii fi inni mudaa
hin qabne sun maal akka ta'e qorattanii akka mirkaneessitaniif haaromfamuu qalbii
keessaniitiin jijjiiramaa malee addunyaa kanaan wal hin fakkaatinaa.”
Fayyinni keenya cuuphaa dhaan kan guutameedha. Kana jechuun  dhugaadhaan
kan nuuf du’e nu fayyise ; dhugaadhumaan iccitii fayyinaa nuuf ibsee guutummaa
dhumatti nuuf raawwata. Qolaasiis 2:11 “ Isumaanis foon cubbamaa ta'e sana
ufirraa gattanii gadoomtaniirtu; gadoomni kunis gadooma harka namaatiin
hojjatame otoo hin ta'in kan Kiristoosiin hojjatamee dha.”
Kitaabolee Wabii
1.     Ahaaduu Asiras (Daaqonii) (2004). Maalumma shakkitootaa fi deebii isaanii, kan
Afaan Amaaraatiin qophaa’e. Maxxansa 11ffaa. Mana maxxansa Biitaaniyaa,
Finfinnee
2.     Birhaanuu Goobanaa (2003). Utubaa Amantaa, kan Afaan Amaaraatiin
qophaa’e.Maxxansa 13ffaa. Mana maxxansa Itiyoo-tikur Abbaay. Finfinnee
3.     Liqatiguhaan Hawaaz Yamaannabirihaan (2004). “Yehillina Eraft” kan Afaan
Amaaraatiin qophaa’e. Mana maxxansa Akoteet, Finfinnee
4.     Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000). Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan
Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5.     Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2001ALA). Macaafa Qulqulluu, kan Afaan
Oromootiin Qophaa’e.
6.     Fitaaha Nagasti – Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa
WN009 Taabota, Fakkiiwwan Qulqullaa'oo fi Xabala
Kabaja Taabotaa, Xabalaa fi Fakkiiwwan Qulqullaa’oo akka Mana
Kiristaana Ortodoksii Tawaahidootti
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin! Ameen.
Amantaa danbii fi sirna Waaqeffannaa Mana kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo
manneen amantaa baay’ee irraa kan adda ishee godhan wantoota hedduutu jiru.
Kunis dur jireettii ta’uu ishee kan agarsiisaniidha. Isaan keessaa Taabota qabaachu
ishee, Fakkiiwwan Qulqullaa’oo qabaachuu ishee fi hordoftootnis Xabalatti
fayyadamuu isheeti. Namootni fi shakkitoonni iccitiin waa’ee kanaa hin galiniif
baay’een garuu gochi akkanaa kun gochoota Kitaaba Qulqulluu irraa adda ta’an
jechuudhaan kan morman heddu dha. Haa ta’u malee waa’een Taabotaas ta’e kan
Fakkiwwan Qulqulluu akkasumas kan xabalaa yeroo hedduu kitaaba Qulqulluu
irratti barraa’ee jira. Bu’uurri isaas kitaabuma Qulqulluu dha malee kan
Ortodoksiin fedhii isheetiin itti dabalte miti.

Dhimmuma kana Kitaaba Qulqulluu irraa sirritti hubachuuf akkkasumas


hubachiisuuf  akka fedhii Waaqayyootti, torban kanaaf dhimmoota kana, seenaa fi
eessaa- dhufee isaanii ilaalchisnee gabaabumatti isiniif dhiheessina. Isinis hanga
dhumaatti akka dubbiftan isin affeeruudhaan akkuma yeroo hundaa, yaada qabdan
email keenyaan akka nuuf ergitan isin gaafanna. Waaqni abboota  keenya, nuuf haa
ibsu. Waaqayyo, kan Liidiyaadhaaf laphee ishee bane, laphee hunda keenyaatu
nuuf bane iccitii ittiin hubannu nuuf haa kennu. Waaqayyo nu haa gargaaru.
Ameen!
1. Taabota
Tabbotni buufata Waaqayyoo kan ulfinni Isaas ittiin ibsamuudha. Taabotni seenaa
kakuu moofaa fi walabummaa Israa’eloota waliin wal qabata. Israa’eloonni
gabrummaa biyya Misraa jalatti waggoota 430 ‘f  haala suukaneessaadhaan
bitamaa erga turanii booda Waaqayyo, Dursaa-raajotaa  Muusee kaasuudhaan,
karaa isaatiin akka walabummaa argatan  godhe. Yeroo gammoojjii Siinaa
qaxxamuruudhaan imala biyya Misraati gara Kana’aanitti godhan, gammoojjii
Siinaa Keessatti Waaqayyoo Muuseedhaaf, kan Maqaan Waaqayyo irratti
barreeffamee,  gabataawwan(Tsillaat)  lama kan abboommiin isaa iratti
barreeffame ni kenneef.  Isaafis kan keessa taa’u Taabota akka hojjetuu fi
dunkaana keeessa bulu akka ijaaru Waaqayyo Muusee ni ajaje. Akkuma:

 “Ammas Waaqayyo Muuseedhaan,”Tulluutti ol ba’ii gara koo koottu, achi turi,


ani gabatoota dhagaa, seeraa fi abboommii akka sabni kun ittiin gorfamuuf, ani
irratti caafee sitti nan kennaa”(Bau 24:12).”jedhu.
Muuseenis guyyaa 40 fi halkan afurtamaaf Isra’eloota irra adda ba’ee Tulluu
Siinaa irra ture. Ulfinni Waaqayyoos tulluu Siinaa irra ni buufate, duumessis
guyyaa ja’a tullicha akka uffises barraa’ee jira.
“Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti Musee wajjin dubbatee erga fixee booddee,
gabatoota dhuga-baatu lamaan gabatoota dhagaa warra ofii isaatii quba isaatiin
irratti caafe sana Muusetti ni kenne”(Bau 31:18)(Keessaa deebii 9:9.)
Waaqayyo tsillaatota sana irratti abboommiwwan kurnan irratti barreessee jira.
Abboommmin kurnan kunis:
1. Waaqayyoolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatiin
2. Bifa qirixame fakkeenya wanta ol samii irra jiru, gad lafa irra jiruu, yookiis
bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin.
3. Maqaa Waaqayyo gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in.
4. Guyyaa  Sanbataa qulqulleettii eeguudhaaf yaadadhu.
5. Biyyan ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiratuuf,
abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni.
6. Hin ajjeesiin
7. Hin ejjin(sagaagalin)
8. Hin hatin
9. Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in.
10. Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin.
Kakuu Moofaa  Keessatti Taabota kan jedhamu, kan Tsillaatiin keessa taa’u dha.
Kakuu haaraa keessatti garuu taabotnis, tsillaatiis kan jedhamu kanuma aarsaan
irratti dhihaatudha. Innis dhiigaa fi foon gooftaa Iyyasuus Kiristoosi isa dhugaa fi
kan jireenya bara baraa namaa kennudha. Kakuu Haara Keessatti aarsaan Taabota
malee hin godhamu. Egaa erga yeroo sanaatii Israa’eloonni Taabota kabajuudhaan,
bara ilma, Daawiit  Mootii Solomoon, gatii guddaadhaan manni qulqullummaas
ijaarameefi jira. Waluma galatti Taabotni kakuu moofaa kessatti kan Waaqayyo
yeroo araaraaf ummataaf dhihooti itti muldhatuudha. Taabota fuuldurattis
gombifamanii Waaqayyoon kadhatu turan.(Iyyaasuu 7:6)

Gabatoota(Tsillaata) gubbaatti jechootni maqaa gooftaa kan Alfaa, Wa’oo, Beexaa


Yewuxaa jedhaman irratti barraa’u. Kanaaf Taabotni, buufata Waaqayyoot
jechuudha.Waaqayyo, yemmuu abboomi kana karaa Muuseetiin uummataaf 
kennuuf, kan bara baraa akka ta’es ibseeti malee kan yeroo muraasaan
daangeffame miti. Kanaaf gooftaa Iyyasuus kakuu haaraa Keessatti:
 “Ani dhuguman isinitti hima, hamma samii fi lafti badanitti seericha keessaa,
fidalli xinnaan tokko, yookiis, gar tokkoon fidala utuu fiixaan in ba’in hin badu.
Kanaafuu nama abboommota hunduma irra xinatan, keessaa tokko diige,
diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keesatti hunduma irra
ssssxinnaa ni jedhama, namni abboommota kana eegee barsiisu garuu
moottummaa Waaqaa keessatti guddaa ni jedhama’’(Mat 5:17)

Namni aangoo lubumma hin qabne Taabota tuquun dhoorkadha.(akka Uzaatti


qurxama, Seenaa isaas Macaafa Saamu’el irraa akka arman gadiitti ni hubanna.
“Uzaan Taabota kakuu Waaqayyoo safeeffachuu waan dhiiseef  Waaqayyo
baay’ee isatti aare isa ni dha’e, Kanaaf inni achuma Taabota kakuu Waaqayyoo
biratti ni du’e” (2Samuel 6:7)
Kanaaf  bataskaana kam keessa iyyuu Taabotni ni jira. Bakka Taabotni jirutti fi
aarsaan kakuu haaraa itti dhihaatutti immoo ni sagadama. Kanaaf karra
bataskaanaa bira yoo darban Waaqayyoof, kabaja Waaqayyof sagadan. Akkuma
Hisqi’eel:

“Guyyaa sanbataa fi gaafa baatiin baatu, sabni biyya sanaa balbala karra
kanaatti, Waaqayyo duratti haa sagadan (His 46:3).

“Ulfina maqaa isaatiif ta’u Waaqayyoof dhiheessaa, Kennaa fidaatii gara oobdii
isaatti koottaa, Qulqullummaa akka mi’a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof
sagadaa” (Farfannaa 96:8)

“Ka’ii oobdii mana qulqullummaa keessa dhaabadhuu, wanta ani si abboomu


hundumaa mandaroota Yihudaa keessaa mana qulqullummaa kana Keessatti ana
Waaqayyoof sagaduuf, warra dhufan hundumati himi” (Ermiyaas 26:2)

“Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala
jiranis, hundinuu ulfina maqaa Iyyasuusiif, jilbiinfatanii akka sagadan godhe”( Fil
2:10)

Taabotni Gara gara Itiyoophiyaa yoom akka Dhufe:


Akka seenaa irraa hubannutti  Taabotni kan gara biyya keenyaa seene, Bara Mootii
Minilik Duraati .Yeroo sanatti kaabatti magaala guddittii  kan turte  Saabaa yoo
taatu, magaalaan guddoon kan lammataa immoo Tarsees jedhamti. Mootittiin
Saabaa Afaan Suubaatiin Itiyaa jedhamti, Maakiddaas jedhuun. Mootiittii Azeeb
jedhuunis.  Azeeb jechuun maqaa kallatiiti, Dhihatti kibba dhihaat agarsiisa.
Itiyaan mootitti Azeeb kan jedhamteef Iyyaruusaleemif Saabaan (kutaaAffaar
ammaa), fi Nubaanis Azeeb waan ta’eef.
Seenaan biraa immoo Raayyaa Azaabootiinn Azeeb jedhame kan jedhus jira.
Afaan Subaatiin Itiyaa jedhamti, kennaa Waaqaa jechuudha.  Gooftaani Iyyasuusis
Waa’ee ishee Mootitti Saabaa (Azeeb) kanaa dubbatee jira(Wangeela Maatewoos
12:42).
 Mootiitiin Saabaa, ogummaa Motii Salamoon dinqisiifachuu gara Yeruusaalem
deemtee turte. Kunis Bara 4,514 Dhaloota Kiristoos dura. Isheenis Solomooniif
ulfooftee ilma Minilik jedhamu deesse jedha akka seenaatti. Sanumaan Minilik
yemmuu guddatu Solomoon Mootii godhee muudee gara  Itiyoophiyaatti yoo
dhufu Taabota Tsiyoon keenneefii jira. Minilik Israa’elii gara Itiyoophiyaatti
yemmuu dhufu, ijoollee Israa’el(namoota 12,000), warqii fi birrii kan baqsan
Iyyabosoota(namoota 1000) , Gaazaa kan turan sanyiiwwan  Yooqxaan kan turan
(namoota 24,000 ) Leewwota  waliin fidee dhufe.

Luba Ilma Sadoq Azariyaasiis fi, raajii Akkiyaatiin Solomoon Waaqa fuulduratti
cubbuu waan hojjeteef mootumman Salomoon akka tarsa’u itti himame. Yeroo
sana Taabotnii gara biyya keenya dhufe.Haa ta’u malee yeroo sanatti biyya keenya
kan dhufe Taabota qofa miti. Kitaabotni kakuu moofaa kan hanga yeroo sanaatti
barraa’an hundi gara biyya keenyaa seenaniiru. Yeroo sana irraa eegalee biyya
keenyatti keessumattuu hagna hardhaatti falaashota (Beete Israa’eel) kan jedhaman
kan yeroo sana biyya keenya Solomoon wajjin dhufanidha.
Waaqayyo, Taabota irra bulee, Israa’eloota laga Yoordaanoos malkaa gogduun
ceesisee, Waaqayyo Taabota irra bulees dallaa Iyyaarikoo akka jijigse ni beekama.
Taabotaafis sagadni kennaa  ni sagadama (Iyyaasuu 7:6).
  Kakuu kaaraa keessattis waa’ee seerichaa fi waa’ee taabotaa ilaalchisee akkas
jedha
“Egaa immoo amantii kanaan seera diigna jechuudha moo ree? Waawuu kun
raawwatee ta’uu hin danda’u, seera jabeessinee dhaabna malee”(Rom3: 31)
2Qor 6:16 keessattis immoo, Kiristoos Beelhoor wajjin tokko kan godhu eenyu?
Yookaan immoo shakkitootaa fi warra amanan gosa tokko kan godhu eenyu,
Taabota Waaqayyoos kan mana waaqayyoolii tolfamanii keessa kaa’u eenyu” ?
jedha. Kanaaf kakuu Haaraa Keessatti Ortodoksoonni hundi taabota
qabu,Kaatolikoonni immoo bakka taabotaa ‘waan akka xarapheezaa’ qabu. 

Museen Tsillaatota Waaqa harka fudhate yemmuu fudhatee deebi’u Israa’eloonni


immoo yemmuu Waaqa-namtolchee bifa jabbii qabuuf yoo sirban argee aaree
Gabatoota lamaan Waaqayyo kenneef darbatee  ni cabse(Bau 32:19) .Sana boodas
Waaqayyo akka duraa godhee dhakaa lamarraa gabatoota(Tsillaat) lama akka akka
deebisee tolchu itti himee jira.(34:1). Haaluma kanaan Taabotni biyya keenyattis
Maqaa Qulqullootaan tolfamanii ni moggaafamu. Akkuma Taabotni Muusee
Taabota –Xiyoon jedhamte jechuu dha. Waggaattis al-tokko cuuphaa gooftaa
Iyyasuus laga Yoordaanositti  godhe yaadachuuf teessoo isaanii irraa ka’anii lafa
bishaan jiru bulu. Taabotni hundi guyyaa tokko qofa ala buluun guyyaa
lammaffaatti gara teessoo isaanitti ni deebi’u. Taabotni Mikaa’el guyyaa
lammaffaatti kan Igzi Aab her-aabii immoo guyyaa sadaffaatti galu .Kunis  guyyaa
irra oolanirra bakkuma tokkotti kabajamanii akka galaniifi kan ta’edha. Kanaaf
kabaja Taabota Waaqayyoof haa kenninu.Wallalumaadhaanis badaa dubbannee,
Waaqayyoon akka hin mufachiifne ofis akka hin hubne, hanga du’a tasaattis akka
Uzaatti akka hin qurxamne of eeggachuun barbaachisaa dha.

2. Fakkiiwwan Qulqullaa’oo
Mana Ortodoksii Tawaahidootti  fakkiiwwan Gooftaa Iyyasuus, kan  haadha
keenya dubroo Maariyaamii, kan ergamtootaa fi qulqullootaa  biro  bataskaanatti,
mana kadhaattii fi mana keessatti fannisuun baay’ee kan baramee dha.
Fakkiiwwan quqlqulluun barnootaaf, kadhannaaf, akkasumas qulqulluu abbaa
fakkichaa sana yaadachuuf gocha ta’aa ture sana akka waan ijaan ilaallutti caalatti
seenaa akka yaadannu kan nu gargaaraniidha.  Dabalataanis sugaa argachuufi
kabaja gooftaa kan ibsan waan ta’eef itti fayyadamna.  Kunis kitaaba Qulqulluu 
bu’uura godhachuudhaan malee  akkanumaan kan ta’e miti. Kana jechuun garuu
fakkicha Waaqeffachuu jechuu miti.Mee Kitaaba Qulqulluu irraa luqqisa(caqasa)
armaan gadii kana haa ilaallu.
“Kiruubel lama warqee tumamaa irraa tolchiitii, gar lamaan fiixee isaa teessoo
araaratti kaa’i, Kiruub isa tokko fiixe gar tokkoo irratti, kiruub isa kaan immoo
fiixee gara kaanii irratti tolchi” (Bau25:19)
Mootiin Solomoon yemmuu mana qulqulummaa ijaarus: 

“Keenyaan kutaawwan mana qulqullummaa, warra keessa fii warra duuban itti
ijaaramana hundumaa irratti karaa keessaa, fakkeenya kiruubeel, fakkeenya
mukeetii meexxii fi daraaraa hojjechiisee ni miidhagse.” (1Mootota 6:29)

Egaa as irrati wanti hubachuu qabnu, fakkeenyaaf  Muuseen siiqqee isaatiin


galaana Eertiraa gar gar baaseera (Bau 14:26), Phaawuloos dhukkubsattoota uffata
isaatiin fayyise(Hojii Duuka Bu’ootaa9:11), gaaddidduun Pheexros jinnii
gadhiisisiise(Duuka bu’oota 5:15). Egaa wantootni kunniin hundi ofii isaanitii
human homaallee qabaachuu baatan, ulfinnii fi qulqullummaan abbichaa kennaa
argamsiisefi dha.
Kiristaanonni duriis yemmuu lafa kana irraa dheessanii dhokatan, holqa keessatti
fakkii kaasu turan. Fakkeenyaaf dhalachuu gooftaa, godaanuu isaa, yemmuu
kennaa kennaniif, haadha gooftaa wajjiin, seenaa cidha Qaanaa, cuuphaa gooftaa
Iyyasuus, qurxummii 2 fi buddeena 5 baay’isu isaa, dubartii dhiigni rakkkisaa ture
dhiiga ishee qoorsuu isaa, dubartiin Samarawitii hubboo baattee yemmu bishaan na
obaasi jedhee kadhatu, fi kan kana  fakkaatan  kristaanota durii holqa Keessatti
kasalaa fi daaraan  kaasu ture.
Faayida 2 qaba.
1.     Baruumsaaf namoota dubbisuu hin dandeenyeef
2.     Jaalala qulqullicha sanaa ibsuuf
Mana kiristaanaa Ortodoksiitti fakkiin qalamaan ka’a malee hin bocamu.
Laatinoonni garuu ni bocus.
Amma immoo kakuu haaraa Keessatti yoo seenaa fakkii kaasuu ilaallu dursa
waa’ee fakkii gooftaa ilaalla. Seena mana kiristaanaa keessatti kan dursee fakkii
gooftaa Iyyasuus kaase Yohannis isa wangeela barreessedha.  Seenaan isaas
akkana: Dhaloota Kiristoosin Booda bara (18-37). Roomaa bitaa kan ture
Xibaariyoos Qeesaari. Gooftaan bara inni aangoo irra ture fannifame. Xibaariyoos
ilmi jalaa duunaan, reeffa fuuudhee deemee awwaala gooftaa Iyyasuus irra godhe,
mucaanis du’aa ni ka’eef.Mootichis baay’ee gammadee maaloo haadha Iyyasuus
naaf fida, umurii koo guutuu ishee tajaajilee, waan qabu kenneefii kabajeen
jiraachisaa jedhe. Haa ta’u malee kabajni Dubroo Maariyaamii kan lafa kanatti
hafu qofa waan hin taanef, Yohaannis mootichi akka abdii hin kutanneef, Gooftaa
Iyyasuus akka yeroo fannoo irra tureetti, mudhiitti qofa uffata xinnoo irra buusee
kaasee ergeef, jedhu abbootni. Seenaan biraas jira.isaan keessaa kun tokkodha.

Kan dubroo Maariyaamii immoo fakkiin yeroo baay’ee nu arginu kan akkuma
Iyyasuus Kiristoos daa’imummaatti hammatteen ka’e sana immoo yeroo duraaf
kan kaase kan kaase Qulqulluu Luuqaasi. Kitaabotni mana kiristaana keenya
Keessatti argamanis kana dhugaa ni ba’u. Kanaaf mana keenyatti fakkii fannisuun,
yeroo kadhannaa goonus of fuuldura goonee Waaqa kadhachuun caalatti qalbii
keenya sassabuuf nu gargaara.
Haa ta’u malee yeroo ammaa kana fakkiin akkuma arge ka’aa jira.Kamtu kan seera
isaa eeggate akka ta’es, eenyuu fi yoom akka ka’e maaliif akka ka’e kan hin ibsine,
kan akkuma fakkiiwwan biro gabayaa irra oolan jiru.Wanti akkasii kun sirrii
miti.Fakkiis bakkuma arginee karaarra bituun. Karaarratti daaraa Keessatti
gurguruunis sirrii miti. Fakkii Qulqullootaa fi kan aakitaroota ykna namoota
beekkamoo biyya lafaa kana bakka tokko teessisuunis sirrii miti. Mana keessattis
fakkiiwwan qulqullootaa mana bareechuuf kan itti fayyadaman jiru, innis sirrii
miti. Fakkiiwwan akka hin xuroofne fi hin qaqoofne eegu qabna..
Fakkiin Qulqulloota yoo ka’u nafti (qaamni isaanii) duwwaa muldhachiuu hin
qabu. Sirriitti haguugamuu qaba .Kanaaf fakkii tokkoo bituun duratti sirrii ta’e
ka’uu isaa mirkaneeffachuu qabna.
3.     Xabala
Xaballi Waaqayyoo qulqulloota tokko tokkoof waadaa galeen kan dinqii isaa ittiin
ibsu, maqaa qulqullicha saanaatiin kan dhibaman cuuphamanii yookaan dhuganii
bishaan ittin fayyan jechuu dha. Akkasumas Maqaa Qulqullicha sanaan biyyen
amananii dibatan xabala jedhama, Afaan Gi’iziitiin ‘Tsebele’ jechuun biyyee
jechuu dha.
Kiitaaba Qulqulluu irrattis fakkeenyaaf osoo gooftaan laga Yoordaanositti hin
cuuphaniinin dura namootni hedduun itti cuuphamuudhaan fayyaa akka turan ni
ibsa. Iyyoob dhukkuba isaa irraa kan fayyee laga Yordaanositti cuuphamee ykn
dhiqateeti. Mootiin biyya Sooriyaa kan Ni’imaan jedhamus, akkuma raajichi
Waaqayyoo Eelsaan itti hime, Yordaanos dhaqee dhiqachuun dhibee lamxii irra
akka fayye Kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee jira (2Mot 5:9).
Akkasuma waa’ee xabalaa Wangeela Yohaannis irrattis akkas jedha:

“Karra hoolaa isa jedhamu isa mandara Yerusaaleemitti galchu bukkeedhaan


bishaan kuufamaan Afaan Ibraaysixiitti, Beetsayidaa jedhamu tokkotu ture.
Bishaan sana bira godoo babaldhaa shantu ture. Namootni dhukkubsataan
baay’een, warri jaaman, warri naafa tahan, warri dhiigni isaanii gar tokko du’es
godoota sana keessa ciisanii raafamuu bishaanicha ni eeggatu ture. Ergamaan
Waaqayyoo yeroo yerootti golba bishaanichaa keessa lixee isa ni raasa, raafamuu
isaa booddee, namni dura bishaanicha keessa lixe, dhukkuba isa kam iyyuu irraa
ni fayya ture.”(Yoh 5:1-5)

Yeroo ammaas biyya keenyatti iddoowwan xabalaa hedduutu argama. Namootnis


fayyaa jirachuu isaanii waan wabii barbaachisu hin fakkaatu. Dhukkuboota qoricha
hin qabne kan akka HIV AIDS dabalatee dhukkuboota biroo irraas fayyaa jiru.
Keessumattu Waaqayyo Waadaa qulqullootaaf seeneen, namoota badada dhaban
yaadachaa jira. Xabala akka Shankoora Yohaannis akka fakkeenyatti fudhachuu ni
dandeenya. Waaqayyo karaa ittiin fayyinu baay’isee jira. Kanaaf Amantiidhaan
osoo hin shakkin yoo goone wanti hin fayyineef hin jiru.Waaqayyo inni duraan
ture, hardhas ni jira, waadaan isas kan bara baraati .Kanaaf itti haa fayyadamnu.
Haa ta’u malee of eeggannoon godhamuu qaba hundumti xabala miti, hundumtis
namoota cuuban miti.Namootni sobanii maqaa xabalaan dogongorsan jiru waan
ta’eef. Akkuma aarsaan iddoo isaa malee hin dhiyaanne, xaballis iddoo qaba.

 “Egaa qalma kee isa gubamu sana iddoodhuma arhitetti akka akka hin
dhi’eesineef of eeggadhu”.(Keessa Deebii 12:13)
Guduunfaa
Qofa dhiheessinedanda’ama.Nuti baay’ee gabaabsine wantoota ijoo ta’an qofa
hubannoof dhiheessine.Isinis dabalataan kitaabota waa’ee kana irratti barraa’aan
gadi fageenyaan dubbisuutu isin irraa eegama.Kakaasee kan nu jalqabsiise, nu
jalqabsiisee kan nu xumursiise, maqaan gooftaa keenyaa haa ulfaatu.Kan nu
sheelechinne, inni itti nuuf haa guutu.Ameen!

 Kitaabota Wabii
1.  Amaan Balaay (Marii Mariiras).1998. Kitaaba Subaa’ee isa dhugaa
Lammaffaa; Gooftaa Iyyasuus Itioophiyaatti: Afaan Amaariffaan kan qophaa’e.
2.  Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa,
Finfinnee
3. Kinfe Gebri’eel Altaayyee (Luba)(1995). Seera mana kiristaanaa, kan afaan
Amaaraatiin qophaa’e.Maxxansa 6ffaa. Mana maxxansa Itiyoo-tikur Abbaay.
Finfinnee
4.  Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila
Haimanot,      Finfinne romootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame2
5.Nigusuu Alamuu(Dn) .2000. Deebii kennuuf kan qophooftan ta’aa:Afaan
Amaariffaan kan Qophaa’e.Maxxansa sadaffaa,Mana maxxansa Illeenii,Finfinnee.
6. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000). Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan
Amaaraatiin kan Qophaa’e.
7.   Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA). Macaafa Qulqulluu, kan
Afaan Oromootiin Qophaa’e.

You might also like