You are on page 1of 34

MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKO AMEEN!

BARUMSA AMANTAA

Seensa (Sa’aatii 2)
Ogeessich Solomon “Jalqabbiin ogummaa hundaa Waaqayyoon
Sodaachuudha” jechuun Kan dubbate abbootiin yeroo hiikan Waaqayyoon
sodaachuu kan jedhe hunda dura Uumaa hundaa, argamsiisaa hundaa kan
ta’e argamuu mataa Isaaf Sababa kan hin qabaanne Waaqayyo ol’aanaan
jiraachuu Isaa amanuu fi yeroo hundumaa eegicha Isaa fi soora abbummaa
Akkeenyummaa Isaa keessa akka jiraatamu hubachuu fi beekuu, akkasumas
galateeffachuu ta’uu isaa addeessu. Amantaa jechuunis kanuma dha. Kitaaba
leenjii dubbii amantaa xiqqoo kana keessatti ka’umsa dubbii amantaa ilaaluuf
yaalla.

Dubbiin amantaa miira keessa ofiitiin (ye simmeet hiwaasaatiin) xuqamuu fi


qababamuu kan dand’u waa’ee addumyaa ulfaataa kan odeessinu waan hin
taaneef waa’ee jiraannaa Waaqayyoo fi fooniin mul’achuu, akkasumas kan hin
mul’annee surraa dhala ilmoo namaatiif kenname kan itti barannu waan ta’eef
amantiin fudhachuun wajjiin kadhannaan ni barbaachisa. Sababiin isaas
dhokataa fi gadi fagoo kan ta’e amaluumaa Waaqayyoo foon dadhasbaa kan
ta’e dhalli namaa qorachuu fi beekuuwaan hin dandeenyeef kana qorachuu fi
ibsuu kan danda’u afuuraa fi jireenya Waaqayyoo kan ta’e Isaa hawwuu waan
barbaachisuu fidha. Kanaafidha Gooftaan keenya qulqulloota duuka bu’oota
Isaatiin “Waanan sitti hime reefu waan baayeenan qaba. Haata’u malee garuu
amma baachuuf hin dandeessan Haata’uutii yeroo Afuurri Dhugaan dhufutti
Inni mataan Isaa isin gaggeess” jedheen barumsa dubbii amantaataa keessatti
gaggeessummaan Afuura Qulqulluu bu’uura waan ta’eef kadhannaan
barbaachisaa dha. Kanaafuu barsiisaan barumsa amantaa barsisu mataa
isaatiin kan amanu qofaa osoo hin ta’iin barumsa amantaa barsiisu akka
laphee (onnee) warra dhaaggeeffatuu keessa bulutti kadhachuu fi warra
dhaga’uus akka Afuurri Qulqulluun isaanii ibsutti akka kadhatan
hubachiisuun irraa eegama.

Barreeffama leenjii kana keessatti dursa hiika amantaan maali jedhu,


maalummaa fi barbaachisummaa amantaa, firoominaa fi adda addummaa
saayinsii wajjin qabu ni ilaalla, Itti fufuunis jiraachuu amantaaf bu’uura kan
ta’e jiraachuu Waaqayyoo ni ilaalla. Kana keessatti jiraachuu Waaqayyoof
raagaa kan ta’e sirna uumamaa muraasa ilaaluuf ni yaalla. Amantaan
kiristaanaa jechaan kan himamu yaada qofaan kan yaadamu miti Irra

1
caalaattiin amanuu kan jiraannu jireenya waaqaa dha. Kanaafuu amantaa
kiristaanaa yeroo barannu waan barannu akka beeknuuf kan barannu qabna.
Sanaan booda immoo surraan kan ittiin cimnu hojii surraa Isaa baranna waan
ta’eefuu kutaa lama waa’ee dubbii fayyinaa baranna. Kutaa sadaffaa keessatti
immoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin kan raawwatame kennaawwan
surraa ilaalla. Dhuma irrattis waa’e jireenya barabaraa duubbii fi waa’ee abdii
du’aa ka’uu qo’anna.

Waaqni abbootii keenyaa Waaqayyo nu haagargaaru. Ameen!

1. Amantaan Maalidha?
Amanataan:-

A) Kan fudhatani Yoha.a. 1:9. Warra fudhatan ijoollee Waaqayyoo akka


ta’anitti aangoo kenneef.
B) Abdiidhaan kan hubani (Ibro. 11:1) waan abdi taasifannu tokko waan
mirkanneessuufidha.
C) Jaalalaan kan mul’atudha. Jaalala Waaqayyoo fi jaalala namaa irraa kan
madden namaaf waan gaarii raawwachuun kan mul’atu dha.
D) Hojiin kan mul’atudha. Kiristinnaan amanuu qofaan kan dhaabatu miti.
Warra amanan hojiin mul’isuun jecha dhaga’aniin dhaga’aniin jiraachuu
danda’uudha.
E) Waaqayyoon kan ittiin gammachiisu dha (Ibro. 11:6). Amantaan malee
Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu.

2) Amantaan akkamiin argame?


Baroota adda addaa namoonni baay’een amantaan nam-tolchee (namaan kan
dhuufe) ta’uu isaa hubachiisuuf baay’ee yaalaniiru. Sodaa fi naasuu irraa kan
dhufe jechuuf yaalaniiru. Namoonni akkanaa amantaan nam-tolcheedha yeroo
jedhan Waaqayyo hin jiru jechuu isaaniiti. Kanaafis yeroo ragaa caqasan
“Namoonni durii beekumsi isaanii murtaa’aa waan tureef jiraatan malee
uumaan hin jiru” jedhu. Haata’u malee maddii fi argamni amantaa jiraachuu
Waaqayyoo dha. Amantaan hundumaa kan uume ofii Isaaf argamsiisaa kan
hin qabaanne sooraa uumamoota hundaa fi tikseen Waaqayyo jira jechuu irraa
eegala. Kanaafuu amantaan kan argame Ykn kan jiraate Uumaan hundaa
Waaqayyo jiraachuu Isaatiini dha.

Dhalli namaa uumama kaan irra ol’aanaa fi kabajamaa ta’ee amaluumaa


ol’aanaa kan ta’e Waaqayyoon fakkeenyaa fi bifa kan uumamee fi keessa isaatti
adda kan taate lubbuun hin tortoree fi hin diigamne (hin duume) kan qabu

2
waan ta’eef uumaa isaa hubachuu, naannoo isaa beekuu surraa bituu fi
bulchaa surraan kannameef ta’uu isaadha. Sababii surraa naannoo isaa
beekuu fi bituutiin akka wantoota lafaa qofaan qabamee hin hafnetti uumaa
isaa kan ittiin beeku madda waan hundaa beekuun akka jiraatuuf akkasumas
seeraan itti fayyadamuun jiraattuu bara baraa kan taate lubbuu isaa akka hin
dhabnetti daandii ittiin uumaa isaa wajjiin wal-quunnamu kennameef kunis
amantaa dha. Yihundaan waa’ee kanaa yeroo dubbatu ergaa isaa irratti
“Amantaa yeroo tokko gonkumaa qulqullootaaf kennamteef akka qabsuurtan
isinan gorsaa akkan isiniif barreessu dirqama natti ta’e” Lakko. 3 jechuun
amantaan kan Waaqayyo irraa kenname ta’uu isaa ibseera.

3. Amantaa Kiristaanaa
Amantaan kan eegale sirna uumamaa wajjini. Uumamni amantaa qabanis
namaa fi Ergamoota dha. Haata’u malee amantaan bara abbootiitti (seera
laphee), bara Ooriitii fi bara Kiristinnaatti bifa adda addaa qaba. Barri
abboottii osoo seerri kenname hin jiraatiin seera laphee qofaan qajeelfamuun
bara itti Waaqayyoon waaqessaa turani dha. Kanaafuu amantaan bara abbootii
Uumaan jiraachuu isaa amanuu fi Isaaf bitamuu qofa ture. Waaqayyos warra
amananiif abjuu fi mul’ataan itti mul’achuun aarsaa isaanii fudhachuunii fi
waadaa galuufiin jiraannaa Isaa ibsaafii ture. Bara Ooritii immoo amantaan
kun irra caalaatti mul’atee seera barreeffameen mul’ate Waaqayyos tulluu
(gaara) Siinaa irratti Israa’elotaaf abiddaa fi duumessaan faaggaa gaanfaatiin,
akkasumas sagalee qaqawweetiin mul’atee mataa Isaa ibse. Kanaafuu bara
Ooriititti amantaan ture sirna waaqeffannaa dabalachuun kan ture dha.

Wantoota kanaan booda garuu amantaan kiristinnaa foon uffatee mul’achuu


Waaqayyo ol’aanaatiin kan hundeeffamee fi argame ta’e (Faar. 85:7, Luqa.
2:15,1Xiimo. 3:16). Kanaafuu amantaan kiristaanaa:-

A) Kiristoos Iyyasuusiin ta’ee amantaa jaalalaan hojjetudha. Kana


jechuunis amantaan kiristaanaa nama fayyisuuf jecha fooniin kan
mul’ate Waaqayyoon kan itti waaqessinuu fi Inni addunyaa kanatti yeroo
fooniin mul’atetti hojii gaarii nu agarsiisee fi nu barsiise amantaa
jaalallaan agarsiisiinu dha. Amantaa kiristaanaatti Uumaa keenyaa
wajjin wal-quunnamtii tokko malee jechoota qofaan kan deeggarame
yaada qofaan kan jiru osoo hin ta’iin jaalalaan kan hundeeffame
waadaatiin kan jabaate dha. “Kun foon kootii fudhaatii nyaadhaa;
…..sababii cubbuu namoota baay’eef kan dhangala’u dhiigni koo kakuu
haaraa isa kanadha; Foon koo kan nyaate, dhiiga koos kan dhugu anaan
jiraata; anis isaan nan jiraadha” akkuma jedhe.

3
B) Falaasummaa namaatiin ykn foonii fi dhiigaan osoo hin ta’iin mul’achuu
Waaqaatiin Gooftaan keenya qulqulloota duuka bu’ootaan Filiiphoos
Qisaariyaatti namoonni mucaa (Ilma) namaatiin eenyu jedhuun jedhee
gaaffii gaafateef qulqulluun Pheexiroos yeroo deebisutti “Ati Ilma
Waaqayyo jiraataadha” jechuun deebii deebise Gooftaan keenya yaada
kana dhiignii fi foonsiif hin mul’ifne Abbaa koo Isa samiiti malee
jedheen.Dubbii qulqulluu Pheexiroosis kattaa (qarsaa) jechuun
waameera. Kanaafuu amantaan kiristaanaa Iyyasuus Kiristoosiin sirriitti
beekuu fi amanuu irratti kan hundaa’edha.

Inni kana mul’isuu fi sirriitti akka hubannunii fi amannuun kan nu


gargaaruu immoo mataa Isaa Waaqa dha.

4. Ortoodoksi Tawaahidoo Amantaa Kiristaanaa


Ol irratti amantaan Kiristaanaa amantaa mul’atinaa ta’uu isaa ilaallee kan
mul’ates Gooftaa Gooftaa Uumamoota hundaa Waaqayyo ol’aanaan
Gooftaan Isaa dubbanneerra. Isa kana ibsuufi sirriittis hubachuufis
Innumti Waaqayyo yoo gargaare malee qorannoo foonii duwwaatiin
hubachuu fi beekuun kan isaaf danda’amu hin jiru kanaafidha Gooftaan
Kenya Abbaa malee Ilma Kan beeku hin jiru,Ilmi Kan ibsuufii barbaade
malee Abbaa kan beeku hin jiru jechuun kan nutty hime.

Amantaa kiristaanaa keessatti maalummaa Waaqa mul’ate hubachuu


dadhanii waa’ee Waaqa mul’atee ilaalchisee yaada mataa isaanii achumatti
dhiisuun mul’achuu sirrii fi dhugaatti amantee kan jirtu manni kiristaanaa
kun mana kiristaanaa ortodoks Tawaahidoo jedhamti

“Ortoodoksii” jechuun qajeeltu sirrii dhugaa jechuu yoo ta’u jechi


“Tewaahidoo” jedhu immoo mul’achuun waaqaa haala akkamiin akka ta’e
irra caalaatti kan ibsu dha. Kunis qulqulluun Yoha.aannis sagaleen foon
ta’e;surraa fi dhugaan guuqulluun nurra bule barumsa jedhu yoo ta’u
sagaleen Waaqayyoo amaluumaa Akkeenyummaa Isaa osoo gadi hin
dhiisiin yeroo durboo maariyaam irraa foon fudhatetti amaluumaa lamaan
irraa jechuunis amaluumaa Waaqaa fi osoo wal-hin balleessiin ,ossoo wal-
hin jijiiriinii fi osoo wal-irra hin ta’iin (walirra osoo hintuulamiin)
tokkummaa’uu sirri ta’e kan hubachiisu dha.

5. Amantii
Amantiin maalif? Akkamiin? jechuun osoo hin qoratiin fudachuu jechuudha.
Amantiin namni tokko waan tokko irratti ykn waa’ee dhimma tokkoo naaf ta’a,

4
naaf raawwatama jechuun abdii jiru jechuudha. Kunis kan qalbii isaa irratti
boqochiifatu, gargaarsa human ittiin nan argadha jedhee waan itti amanu
hunda dha. Kanaafuu amantiin gosa baay’eeda.Namni waan baay’ee amanu
kan danda’u dha Xaa’otiitti amanuu danda’a saayinsiittis amanuu ni
danda’a…. fi kkf Fakkeenyaaf qulqulluun Phaawuloos yeroo biyya Ateenaa
turetti namoonni biyyichaa wantoota Waaqeessaa turan keessaa “waaqa hin
beekamne” kan jedhu tokko akka ture qulqulluun Luqaas nuu barreesseera
(Ho.du.bu. 17:22-23). Hundumaan Olitti wanti ta’e kunis amantaa dha.
Fakkeenyaaf (Maate. 15:28) irratti adha akkuma jaal’atte siif haa ta’u” kan
ittiin jedhe ajaa’iba Gooftaan keenya raawwatee fi fayyisummaa Isaa dhageesse
hubattee osoon gara Isaa deemee kadhqabdi turte.Yeroo baay’ee waammatte
(Kadhattee) dhaga’uufii didnaan Innis nyaata ijoollee buchillootaaf kennuun
hin danda’amu isheen jedhee osoo jiruu naaf fayyisa jettee abdii guddaa qabdu
irraa namni tokko Waaqayyo ol’aa naan naa raawwata,naa Xumura,naa hojjeta
jedhee abdii taasifachuun bu’aa ba’ii fi rakkina wantoota ta’u hin fakkaannillee
taanaan jabina laphee (onnee) isaatiinllee taanaanillee jabina lapheetiin akka
turuu human taasisudha.

Amantii akkanaa fudhachuudha yeroo jedhamu namnii dadhabbii isaatiif


sababii osoo hin barbaadiin uumaan murteeffamaa ta’uu isaa hubachuun
(beekee) hiri’inaa fi murtaa’ina kan hin qabaanne uumaa hundumaa kan ta’e
Waaqayyoo fi hojii Isaa kan fudhatudha kanaafuu amantiin:-

A) Miiraan Olidha:- Simeetii hiwwaasota keenyaan hubachuu kan hin


dandeenye Waaqayyoon kan ittiin beeknuu fi ittiin wal-quunnqmnu dha.
B) Beekumsaan Olidha:- Beekumsi immoo kan sammuuti Sammuun
immoo waan beekuu danda’u murtaa’aa dha Amantiin garuu
murteeffamuu sammuu (qalbiitiin) Olitti deeme waan hin murteeffamne
ooggantummaa Afuura Qulqulluutiin oogganama.

6) Amantaa fi saayinsii
Akkuma armaan Oli irratti ilaalle amantiin maaliif akkamiin jedhanii osoo hin
qoratiin fudhachuudha.Gama biraan saayiniin wantoota qabatamoo (qusaawii)
ta’an bifa itti gaafatamaa ta’een qoratee firoominaa fi amala wantootaa
hubachuu fi beekuuf adeemsa taasifamudha.saayinisiin amala Uumamaa
qorachuu irratti kan Xiyyeeffatee fi qorannoo kana irraas jireenya dhala
namaaf wantoota mijatoo fi gaarii ta’an argachuuf tattaafata Isa kanaafis
amala bu’uraalee isaaniin amantii fi saayinsiin qorachuu amantaan immoo
akkasumaan fudhachuu waan ilaallatuufidha.Haata’u malee saayinsiin
amantaa malee bu’uura hin qabu sababiin isaas saayinsiin qorannoo isaa fi

5
qo’annoo isaaf ka’umsa kan taasifatu amantiiwwan hedduu Ykn tilmaa mota
adda addaa ka’umsa taasifachuuni dha Barumsa keenya isa biyya lafaa
keessatti yeroo ilaallu Wantoota fudhannee Ykn itti amanne wantoota
baay’eetu jira Eega fudhaannee fi amannee booda garuu wantoota saayiniin
mirkaneeffannetu baayyata Namni batumsa amantaa keessattis duraan dursee
Waaqayyoo fi hojii Isaa amana Kanaan boodas Waaqayyoo fi hojii Isaa beekuun
beekumsi Isaa immoo amantii isaa cimsaafii deema Namni hundumaa beekee
hin amanu.Amanee garuu gara beekumsaattice’a.

Golaaba Qajeelfama barsiisaaf

Barsiisaain yeroo barumsa kana barsiiftan dhimmoota armaan gadii irratti


Xiyyeeffachuun ni fayyada.

A) Leenjifamoonni barumsa amantaa hamma ta’e baratanii kan dhufan


waan ta’eef hundumtuu garuu wal qixa hubannoo hin qaban.
B) Leenjifamoonni kun eega eebbifamanii booda yaa’ii mooraa keessatti
bakka bu’oota barsiisotaa kan ta’anii fi seensa barumsa kiristaanaa,
dubbii amantaa kan jedhaman kan barsiisan waan ta’eef sagantaalee
barnoota kanaaf qophaa’e ilaaluun gaaffilee achirra jiranii fi yaadicha
barattootaaf kaasuun,akkasumas deebisuun ni barbaachisa.
Yaadota marii fi gaaffilee
Barsiisaan yeroo barumsa kana barsiisan qabixilee armaan gadii irratti
Xiyyeeffannoo taasisuu fi deebii kennuun irraa eegama kanaafuu gaaffilee
armaan gadii kaasuun akka irratti mari’atan tasissuun barbaachisaa dha.

1ffaa Namni tokko ani akkuma wangeela irratti himametti Kiristoosiin nan
amana miseensa amantaa isa kamiyyuu hin ta’u Kiristoos kan dhufe nama
fayyisuuf malee qajeelfama caasaa bulchiinsa mana kiristaanaa kan jedhu
hundeessuuf miti kun akka namni kan isa kana kan isa sanaa jedhamee akka
wal-qooduuf,akkasumaas bilisaan akka Kiristoosiin hin waaqessine taasisa
yaada jedhu osoo kaasee akkamiin gorsituun?

Amantaa jechi jedhu bulchiinsa mana kiristaanaa wajjin akka wal-hin


maknetti barattoonni osoo itti hin bitaa’iin hubachuu qabu sanaan boodas
namni yeroo amanu wantoonni inni amanutii qabu mul’achuu jaalala Isaa fi
iccitoonni bulchiinsa mana kiristaanaa jiraachuun isaa barbaachisaa akkata’e
itti himuun gorsaa.

2ffaa Amantaan hin qoraatiinaa waan jedhuuf amantaan jiraachuun


qorannoo,waan haaraa Uumuu hin jajjabeessu. Warni lixaa (Awuroooppaa)

6
sooressoota kan ta’anii fi nutty immoo hiyyeessota kan taaneef kanaa fidha
yaadni jedhu osoo ka’eetii akkamiin ilaaltu?

Amantaan hin qoratiinaa kan jedhamu waa’ee Sillaasee,amaluumaa Isaa kan


hin qaqqabsiifamnee fi hin Xumuramne, iccitii foon ta’uu Isaa ilaachisee
akkamiin nama ta’e kan jedhu hojii Akkeenyummaa hojii Afuura Qulqulluu
qalbiin namaa isa murtaa’aa ta’een qoratamee kan bira hin ga’amnee fi
qorachuus waan hin dandeenyeef amaluumaa daangeenyaa (Waaqummaa
Isaa) qorachuu keessatti daangeeftamuu namaa agarsiisuu malee manni
kiristaanaa qorannoo amantaa ni qabdi Isa kanaanis kitaataabota
irraa,barsiisota irraa,yaadi-rimee adda addaa irraa,akkasumas sirna
Uumamaa irraa abbootiin adda addaa qorannoo amantawama hundaa
Waaqayyo Ol’aanaa amanuun sirna Uumamaa irra caalaatti beekuu fi kan
Uumamaniif tajaajila ilmoo namaatiif Oolchuuf kan taasifamu qorannoo
saayinsii hin mormu.Amantaa kan hin qabannee biyyoonni hiyyeesson ni
baay’eetu jiru Biyyoota sooressoota keessaas namoo amantaa qaban jiru.

3ffaa Abrihaam kan Waaqayyoon amane eega qorate argatee booda moo dura?

Kutaa 1

Dubbii Amantaa Bu’uurawaa (saa’ttii 15)

1. Jiraachuu Waaqayyoo
Jiraachuu Waaqayyoof bu’uurri Ol’aanaan jiraachuu Waaqayyoo
dha.Uumamni hundumtuu Waaqayyoon kan Uumaman ta’uu Isaa amanuun
Isaaf galataa fi waaqeffannaa dhiyeessuun seera Isaatiin gaggeeffamuun
dhimma amantaa isa Ol’aanaa dha Amantaatiin jiraachuu dhiisuu fi mataa
Ofii seera Waaqayyoof bichisiisuu dhiisuuf namoonni murteessan isan
iilbeewwan gowummaa Waaqayyo hin jiru jedhuun deemanii mataa isaanii
gaaffii dhuma hin qabnee fi rakkinaa keessa galchaniiru Samii fi lafa,galaanaa
fi Uumamoota keessa jiraatan hundumaa isa uume gara Waaqayyo jiraataatti
akka naannoftnitti wangeela ni lallabna Inni dhalootni darban halagoonni
hundumtuu daandii mataa isaanii irra akka deemanitti isaan dhiise kana
hundaa wajjin hojii gaarii hojjechaa samnii irraa bokkaa,baatii (ji’a) itti firiin
argamu nuuf kennuuf laphee (onnee) keenyas nyaataa fi gammachuun yeroo
guututti mataa Isaa ragaa malee hin dhiifne jedhee qulqulluun Phaawuloos
akkuma dubbate Waaqayyo Ol’aanaan amaluumaa dhokataa Isaatiin kan hin
mul’anne yoo ta’ellee Uumama Isaaf gdhi’oo fi kan ifa ta’e dha Jiraachuu
Waaqayyoo kana qabxiilee ittiin hubanni itti fufnee ilaalla

7
 Jiraachuu Uumamaa
 Miidhaginaa fi walii galtee Uumamaa
Jiraachuun Uumamaa mataan isaa jiraachuu Waaqayyoof ragaaadha.
Dabalataanis uumamni wali isaaniin walii galanii fi sirnaan (seeraan) cimanii
jabaatani jiraachuun isaanii ragaa biro dha.Uumamni akka tasaa kan argamee
fi jijiirama suuta suutaan kan dhufedha warni jedhan walii galtuu Uumamaa
kana karaa itti ibsan hin qaban Biiftuu fi jiini (addeessi),dachee fi Urjiiwwan
bakka bakka isaanii ta’anii osoo walitti hin bu’iinii fi wal-hin balleessiin (osoo
hin jijjiiramiin) wal –eeganni,walii naanaa’uun (jiraachuun) isaanii;haala amma
irrajiran irraa osoo Xiqqoo soco’uun (dogoggoruun) jiratee jireenya addunyaa
irra jiru irratti balaa isaan Uuman saayinsiin illee ragaa ba’a Walii galli kun
akka tsaa Ykn jijiirama adeemsaan kan dhuufe miti Osoo bifa kannaan kan
dhufe ta’eetii har’as Jijjiiramni Kun Jiraachuu qaba ture Haaluma wal-
fakkaataa ta’een wal-jijiiruun waqtiilee bareedaa fi hawwataa kan ta’eef haala
habaabotaa fi sirna Uumamaa Waaqayyo Jiraachuu Isaaf ragoolee biro
dha.Haala Jiraachuu Uumamaallee Yeroo ilaallu kan barannu waan baay’eetu
jira Fakkeenyaaf bineensonni maaliif guyyaa hin sochoone? Akka Saayinsiin
amanamutti yoo ta’e namni fi biqiltoonni Ykn Mukoonni Osoo Waliigaltee tokko
hin qabaatiin qilleensa namaa keessaa ba’u (C02) biqiltoonni,kan biqiltoot
keessaa ba’u(O2) namni akkamiin itti fayyadamuu danda’e? yeroo jennu
waadaatiin kan cimse Waaqani tokko jiraachuu Isaa akka amannu nu
dirqisiisa Kanaafidha qulqulluun Daawwiit Samiiwwan kabaja Waaqayyoo
dubbatu,qinaaxxiwwan samii hojii harka Isaa dubbatu kan jedheef (Faar
108:1).

 Hawwii hojii gaarii qabii (yaada) namaa ilalcha Isaanii


 Namni beekaa Waan ta’eef seerri qalbii (Yaada) isaatti bocameef jira
Dhugaa dubbachuuf taanaan daa’ima amma dhalatee eeglee yoo ilaalle
ija isaatti quba isaa hin hudumu;irra caalaattuu ija isaa barruu harka
isaatiin sukkuummata malee Akkuma kanas seeronni hundumtuu
sammuu (yaada) namaatti bocamanii Ykn laphee namaatti
barreeffamanii jiru Namni Kamiyyuu,hatuu fi KKf hojii hamoo ta’uu
isaanii ni beeka,yoo raawwatee akka dogoggore ni beeka.Kunis
sammuun (qalbiin) isaa ofiin of himatee akka of ceephha’u taasisaan
Fakkeenyaaf kan yihudoota barbadessee fi mana qulqullummaa
meeshaalee mana qulqullummaa kan same Anxiyaakoos “Ija koo
keessaa hirribni kan bade fi keessi koos naasuun kan guutamedha,Bara
jireenya aangoo kootti nama argaa fi jaallatamaa kanan ture anii maaliif
amma dhiphinaa akkanaa narra ga’e jedheen yeroon gaafadhetti

8
yakkaani Iyyaruusaaleem irratti raawwadhe yaadachuun
jalqabe.meeshaalee warqee fi meetii irraa kanan fudhadhee fi uummanni
yihudaas akka barbadaa’uuf kanan ajaja dabarse fi dhiphinaan du’uu
rakkoon kun kan naquunname yakka ani raawwadheen ta’uu isaatiif
mirkanaa’aadha jedheera (1maqaabiyaan 6:1-13) Qulqulluun
Phaawuloosis “Ormoonni warri seera hin qabne amaluumaa (Uumama)
isaaniin seera kennameefiin ajaja seeraa yeroo raawwatan,isaan sun yoo
seera hin qabaannelle mataa isaaniif seeradha;isaan qalbiin isaanii yroo
ragaa ba’uufitti,yaadni isaaniis walii walii isaatiin yennaa wal-himatu
Ykn sababa yeroo waltaasifatu laphee Ykn.Onnee isaanitti seera
barreeffame hojii seeraa agarsisu” jedheera (Roome 2:4-5)
 Gama biraatiin ilaalch Uumama dhala namaa mataan isaa kanaaf
ragaa dha.Namni Uumamaan gargaaraa kan barbaaduha.Osoo wantoota
kana argadhee jedhee waan hawwe hundumaa kunis namni hir’uu fi
gargaaraan kan isa barbaachisu,hiri’ina isaas kan isaaf guutu gargaaraa
biro kan barbaadu ta’uu isaanuu mirkaneessa yoo akkam Waaqayyoon
kan hin beekne fi hin amannellee jireenya isaa keessatti garuu yeroo
hundaa waan inni fedhe kennuufii (guutuufii) kan danda’u kan hin
dadhabneefii kan hin nuffine waan barbaadan kennuufii kan danda’u
waaq Ykn gargaaraa ni barbaada.Kanaafidha namoonni Ateenaa akka
waqni isaan barbaachisutti Uumamni isaanii isaan dirqamsiisee yennaa
waaqessuu barbaadanii fi Waaqayyoo immoo sirriitti beekuu yeroo
dadhabanitti barreeffama “Waaqa hin beekamneef” jedhu barreessanii
waaqessuu eegalan Qulqulluun Phaawuloosiis kana ilaalee booda kan
isaan waaqa hin beekamne jedhan sana ibsee barsiiseen (Ho.du.bu
7:27-34) Kanaa wajjin seenaa kamiinuu uummanni waaqamalee jiraatu
akka hin jirre beekuun barbaachisaadha.
 Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni qulqulluun wantoota jiraachuu Waaqayyoo ibsan (ragaa ba’an)


keessaa isa tokko dha.Kitaabni qulqulluun Waaqayyo Uumaa hundhaa fi
argamsiisaa ta’uu Isaa Uumamni Waaqayyoon akkamiin Yoom akka Uumaman
sirriitti kan dubbattuu fi gorso Kitaaba addaa dha.Jalqaba irratti Waaqayyo
samii fi lafa uume jedhee jalqabuun isa darbe qofaa osoo hin ta’iin isa dhufus
isa fuula duraas akkuma kana dhugaatti (sirriitti) kan dubbatu eeyyaamni
Waaqayyoo kan itti mul’atu kitaaba addaa waan ta’eef jiraachuu Waaqayyoof
ragaa ol’aanaa dha.

 Ajaa’iba (raajii)

9
Raajiin (jaa’ibni) Kan ta’uuf hin dandeenye,waan raawwachuuf hin dandeenye
jedhamee yaadamu haala yaada namaatiin ol ta’een haala itti raawwatamu
dha.Raajii (ajjaa’iba) jechuun beekumsaa fi hubannoo namaatiin olitti Wan
ta’ee tokko yeroo waarratamuudha.Raaji wwan cimsraawwataniif
kadhannaatiin ta’ee amantaa namaa cimsuuf,Jiraachuu Waaqayyoo ibsuuf…
KKf kan raawwatudha.Fakkeenyaaf Fari’oon yeroo museen “Waaqayyo
Uummata koo gadi lakkis” jedhutti Waaqayyo eenyu dha jedhee oftuulummaan
akka Waaqayyoon hin beeknetti dubbatee ture.Haata’u malee garuu
ajaa’iboonni (raajonni) Kudha tokko yeroo raawwatame jiraachuu Waaqayyoo
amane.

2) Amaluumaa Waaqayyoo

 Waaqayyo Amaluumaa Isaatiin ni beekamaa?

Amaluumaa Waaqayyoo kan dubbannu waan Inni nuu ibse keessaa


mursaadha.kunis kan ta’uu danda’u sammuun (yaadni) keenya baachuuf kan
hin dandeenye amaluumaa waan qabuuf qofaa osoo hin ta’iin namni hamma
hubatellee afaan (dandeetti itti ibsuu danda’u waan hin
qabneefidha.Qulqulluun Daawwiit “yaa michoota koo amma mucummaa
(ijoollummaa) Waaqayyoo,maal akka taanus nuuf ifa hin taane.Haata’u malee
yoo mul’ate akka Inni jiru ni arginaatii akka Isa fakkaannu ni beekna
(1Yoha.a. 3:2) jechuun amaluumaa Waaqayyoo mitiitii kabaja namaaf
qophaa’ellee guyyaa dhufaatii Isaa isa lammaffaan dura Ulfaatane nuu
ibseera.Qulqulluun Phaawuloosis amaluuman Waaqayyoo hafee iccitii nuu
mul’atellee hir’ina afaaniirraa kan ka’e ibsuu akka dadhabe yeroo ibsutti
“Namnis waan dubbachuutii hin qabne sagalee dubbachuutii hin qabne
dhaga’e” jedhee ibseera (2Qoro2:4)

Haata’u malee Waaqayyo mataan Isaa kan ibseef namoon eebbifamoon jiru
“Lapheen isaanii qulqulluu warri ta’an eebbifamoo dha Waaqayyoon ni
arguutii” (Maate. 5:8) jedhee kan ragaa ba’eef qulqullina laphee warri qaban
abbootii eebbifamoo dha.Barumsi kunis kan waraabame namoota kan irraati
dha kitaaba qulqulluus barreessnni isaan waan ta’aniif Amaluumaa Isaa yeroo
jennus qabeenya Isaa kan ta’e,eenya irraayyuu kan hin fudhanne,eenyullee
(maaltuu) Isarra fudhachuuf kan hin jirre,qabeenya Isaa kana irraas
uumamaaf kennamu yeroo Isa irraa immoo kan hir’anne,isa kaan irraas yeroo
fuudhu (kaasu) Isaaf kan itti hin dabalamn efidha.

Maqaalee Waaqayyo kitaaba qulqulluu kessatti ittiin waamame (mul’ate)

10
Nama jiraachuu Waaqa tokkoo amaneef maqaa Waaqa isaa beekuun irraa
eegama Namni maqaa waaqa isaa kan beekuuf waamee akka Isa quunnamu
qofaaf Osoo hin ta’iin maqaa amaluumaa Isaa kan ittin ibsu kabjamaa waan
ta’eef kabaja Isaaf barbaachisus akka kennuufiifidha Maqaan Waaqa Keenyaa
matuma Isaatiin Kan ba’ee fi Innumti eenyummaa Isaa namaaf kan ittiin ibse
akka ta’e kitaabni qulqulluun ni gorsa.

Akka ibsa hayyoota mana kiristaanaatti Waaqayyo “Ani Waaqayyodha jedhee


kan of ibse museetiin boodadha.Sanaan dura garuu “Waaqni hundaa danda’u
“ani Eelshaadyidha” jechuun mul’ataaf ture.Abrihaamin faa boodas museetiin
gaara (tulluu) Siina irratti kan jedheen isuma kana dha (se.Ba’u 3:6) Booda
garuu “Ani Waaqayyodha,Abrihaam,yisihaaq,yaa’iqoobiif akka Waaqa (Gooftaa)
hundaa danda’aattan mul’adheef,haata’u malee maqaan koo Waaqayyo hin
mul’anneef ture” jedheera (Se.Be’u 6:3) Kunis Waaqayyo maqaa Isaa mul’isuuf
akka yeroo fudhate (yeroo kenneef) nutis maqaa Isaa fi maqaa Isaatiin kan
mul’atu kabaja Isaa beeknee waamuuf hubachuu fi yeroo itti Seerota Museef
kenne keessaa tokko “Maqaa Gooftaa kee Waaqayyoo bakka badaatti hin
waamiin, Waaqayyo nama maqaa Isaa bakka badatti waamiin,waamu yakka
irraa hin qulqulleessuutti” Kan jedhuun waamu Haata’u malee maqa kana
ayyaanota gurguddoo waggaa keessatti gaggeeffaman kadhannaa fi sagantaalee
afuurawaa isaaniitti sanuu yoo karaa hangafa lubootaa ta’e malee kadhannaa
dhuunfaattis ta’e kan waldaatti maqaan qaaqayyoo hin waamamu ture Bakka
kanaa garuu Eelohee (Eelohiim (Waaqa /waaqa koo), Adoon (Adoonii)
Adoonaay (Gooftaa) Gooftaa koo, Eec, Iliyoon (Aliiyoon) (Ol’aanaa) maqalee
jedhamuun waamu ture.

Isa “Waaqayyo” Jedhu yeroo waaman kanneen ol irratti caqasafamnii fi


amaluumaa Isaa kan ibsan itti dabaluun akka ta’e kitaabni qulqulluun ni
gorsa Fakkeenyaafis kanneen armaan gadii haa ilaallu

 Waaqayyo Gooftaa (Faar 7:1, Hizq 2:4, Faar 34:23)


 Waaqayyo ol’aanaa (Se.uma 4:08-23, Daan.6:20
 Waaqayyo Jiraataa (Daan. 5:08)
 Waaqayyo Gooftaa raayyotaa (maccaa) Isa.6:3
Bara kakuu moofaa namoonni turan maqaa waaqaa ofiif ittiin
waamamuuf kallattiin itti fayyadamanii hin argamne. Haata’u malee
maqaa Waaqayyoo oolmaa oolameefii wajjin wal-qabsiisanii akka itti
fayyadaman ibsameera.

11
Tartiiba (wal-duraa booda) Umamaa
Waaqayyo addunyaa mul’ataa fi hin mul’annee kan argamsiisee guyyoottaan
jaha keessattii kanaas guyyaa tokko keessathe umuuf humnaa dhabee mifu
Isa beekuun seeraafi firaan akkaa ta’uuf (taasisuuf) sedleetti malee kanaaf
immoo heyyameefu yeroo waan ta’eef Uumama guyyootaa ha’a keessattii
Xummuuree.

“Innisedheera ta’a innii asaaseera Uumama; Maaqa Waaqayyo galateeff


adhe” Faar.148:5. Qulqullichi Daawit akkuma dubbaatees yaadan,
seechaan fi hojii dhaan kan uumee wmamnii guyyoota jachani akka
armaan gaditti ta’eera.

Stirihaa Aariyaam

Manbere Sibihaat

(Teessoo Galataa)

Samaay Wudduudi

Iyyeerusaleem Ishee
samii

Iyyoor

Raama

Eerar

Haanoos

Hawwaa

Bishaan
12
Samiiwwaam Waaqayyoon akka qopheecan hin amannaa.

Guyyaa Thytiibe Uumama Fakkeeny Umnaa


isaanii Uumammee isaaf /amala isaanii/
Dilbaata Jalqaba Galboota arfana
2ffaa Dukkaana
3ffaa Ergamoota Samii
4ffaa Ifa
Xaata 5ffaa Baatiir (mgc)
2ffaa Bishaan bakka
sadhitti qoodame
Kibxaata waaqa
Roobii Biiftuu Addeessa
Fi Urjiilee
Kamisaa Bineensota bishaan
keessa
jiraatan,Bineensotafi
Allattii whlaan.
Jimaata 1ffaa Bineensota
lafamaaji raatani
Bineensota tinllaa
Hiiwhaan
2ffaa Nama
Sanbata Boqonnaa taasisee

5.2. Addunyaa Afuura (fagoo)


Ergamoota Qulqulloota
Umammii isaanii kan qulqulleeffame (kabaajame) jireenyi isaanii qulqullinaan
kan guutamee waan ta’aaf qulqulluu sedhamuu.

Adduunyaa afuura keessa kan jiraataniin lakaafi sanii irratti Waaqayyofi nama
fulduraatti hojii afuura hojjetu kanaaf rawwiin isaanii Waaqayyofi namoota
qulqulloota waliin tokkummaa qabu.yeroo fi guyyaa Uumammaanii jalqabaanii
qiddeese fi maayileetti dhaan gargaar bahanii hin beekanii Isa 6:3,4:8.

13
“Yoomii fi Akkaamiti Umamaan”
Ergamoonii qlqulloonii iseeii hin beekamu Raajihi Waaqayyo Daawit faaruu
isaa keessatti Far 103:4 akkas jedhe akkuma dubbate Qillentota warra ergaa
kee adeemam balaqqeessa ibiddaas warra siif hojjetan godha He” jechuunis
akka ibiddafagoo fi akka qilleensa saafii sataasisee isaan Uume jechiuu isaati
Kunis taajajila isaanii kan ibsuudha Qilleensifi ibiddii Ergamootaaf taasajila
(saaniit human,fageenyummaa ) eeyyamammoo,gonkumnaa) fakkeenya taiuuf.

Ergamoonii Qulqulloonnii nagda dhibbaa akkataaian Gooftaan keenya


walgelaa keessatti namni tokko hoolota dhibbaa fabatee tokkoo kessaa
bade,tokko kessaa yoo bade,sagaltamii salganuu gaarota irratti dhiisu isa bade
sana barbaacha hin dhaquuree? Mat 18:12 Mgadaa dhiibba jedhamee kan
lawwamee Ergamoota nagedde salgaan waaliin dhibbaakan barabooda kanadie
Addaanii dha.

 Bakka Saaxin’eel (Dabiloos) Ergamoote nagade sagaltamii salgan waaliin


nagade dhibbeeffata jedhamee kan lakkawwamee kan turee bara booda
kan bade Adda anindha.Luq 15:8 Dubartiin tokko meetii kudhan
qabdi,Kurnan sna keessaa tokko yoo bade.ibsaa ibsitee mana ishee
hartee,hamma argattuffi dhimmitee in baebaaddii mitiiree?

Hojji (isaanii)
Ergamoonni Qulqulloonni Waaqayyootii nama gadduutti ergaamuuf kan
haariifatanii dha waluma galatii
A) Waaqayyoorraa garadhala namaatti eebbaafi aaraara fidu kanaafis
ragaaan

Dan 9:22 “yaa Daani’el ani amma si qalbifachii suu dhaaf,si hubaachiisuu
dhaafis ba’ee nan dhuufe kan jedhu dubbii qulqullicha Gabri’el ragaa nuuf
baha.

B) Kadaame,aarsaa fikeennaa namoota gara Waaqayyoo Hi geessu HOE


10:9 “kadhannaafi aarsaan keefuule Waaqayyootti olba leere “Kaiseelhuu
seehaa Ergaama Waaqayyoonni
C) Waaqayyoon galateefachuu,Taajajiilli isaanii inni guddaan Waaqayyoon
galateeffachuudha.
D) Isa 6:3 Qulqulluu qulqulluu Qulqulluu dha Waaqayyo Gooftan macaa
guutummaan lakaas Ulfina isaatiin guutuu dha jecha tokkunmaa fi
sadumnaan gonka ta’ee khn jiraatuu waaqqayyoon hi galaatefatu.

14
E) Addeemsa fayyinaa Keenya Keessatti gargaraafi eegaa huuf ta’u Museefi
Ummannii Israa’eel biyyaa garbumee misiraa bahannii gara kanaalaan
yeroo deeman Waaqayyoo gooftaan mallaa duysaafi eegaa Ergaame
akkuma eegeef jirenya kiiristaanumna keeya keessatti Cubbuuraa gara
Qulqulluummatti,du’arra gara jireenyatti deesa taasifnuuf eegumsaafi
gargaarda talaanii nu eeguu bahu23:12:Ibr1:14 Far33:7.

Ergamoota Cubbamoota
Nama Jimaata Sa’aatii jalqabaati Waaqayyo gooftaan biyyoorraa
Addaamiuumee Umamtota kaan jechaafi dubbii (taa’in) Kan uumee yoo ta’u
Waaqayyo Addaamin Kan buumee hojii harkaa isaatiin waaqayoo hamaa
Uumuuf eeyyama isa waan ta’eef yeroon isa yoo gachu “uma 1:26 “Kottaa
Akka bifa keenyaatti,akka fakkaattii keenyaattis nama in Umna.

Abiddarraa, qilleensarraa<bishaan irra,biyyoorra fudhatee qulqulleessee


addaabaasee akka asleetaatti falafalee(- hojii) waasadi
(lubbuu,dubbatuu,jiraatuu) kan qabdu lubbuu gara hin jiraanneerra fidee
akka bikati Fakkeenya isaatii Uuman.

Kan jechuunis qaama guddaa foonii amaloota afuuiitti qoode walqabsisee foon
its uffisee,dhiigan.

Waaqayyoo nama Uume ergaa Xumuree (raawwate) afuura jireenyee itti


beefate Kanaanis afuura dhiigaan jiraatoo kan ta’aan bineensota irraa addaa
taasisee Kabaajefi ilmummee Keenneef kanaafis namii Uumamma siraatee ta’e.

“ Fakkeenya Waaqayyoofi bifa Waaqayyo”


Waaqayyoo (Silaasseen) Addaamin akka fakkeenya fi bifaa isanitti
Uume jechuun maal jechuudhe.
A) Bifaan: Silaalleese fagoo (tilmaane namattiol) Kan ta’e Kan hin
murteeffamnee hundaa danda’a kanta’e bifa name kanqabu qaane
ofiqabu.
B) Tokkummaafi sadummaan Addaanm nama tokko yoo ta’u dubbatee,
jiraataafi libenii (ለ ባ ዊ) dha sillassee his qaaman sadi yoo ta’u (መለ ኮ ት)
dhaan tokko.
C) Jiraata ta’u dhaan:Addaam hubbuun jiraata barabarraa dhe.
D) Bituudhaan: Si llaasseen bitaa hundaati Addaamis Uumama olta’e
Umamtoota Kan biro akka bituuf keennameeraf.
Billisumma.Nama,Mukaa jireenyafi seera keename.

15
Ilmi namaa Kufaatii isaa booda iddoo Kufee Kan isa Fayyisu fayyisaa Cimaa fi
dhugaa isa barbaachisa ture Kana jechuun addaam fayyuuf wantoota ijoo
lamatu isa barbaachisu ture.

1. Cubbuurraa bilisa Kan ta’e Waaqayyoof Kaasaa kan ta’u aarsaa


Cubbuu dhiifamsiisuu danda’u
2. Luba Aarsaa dhiyeessuu fi aangoo Addaam Waaqayyo waliin walitti
araarsuu danda’u kan qabu.

Isaan Kanneen lamaan lubboonni kakuu moofatis,Mootonnis,Ergamootas yoo


ta’an jabaan ilma isaa tokkicha dandeenyef Waaqayyo jabaan ilma isaa
tokkicha Waaqayyo ilma gara addunyaatti erge.

 Foon Cubbuu dhiifamsiisuuf dhiyaatu isuma Addaamirraa fudhate


Kanaafis cubbuu duraanii akka hin qabaanneef haadhasaa Dubroo
Qulqulleettii dhaala cubbuu namaa irraa eegee haadhummaa fishee
qopheesse.
 Goftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo jalqabaa ta’uu isaatiin
luba bara baraa fi gonka waa qayyoodha
 Kanaafuu guyyaa jimaataa Fannoorratti yeroo fanni fame Fooniifi Dhiiga
Giiftii Keenyaarraa fudhate,Aarsaa taasisee ofuma isaa Luba Araarsaa
ta’ee badii Addam KanfaluuA ofii isaa waliin walitti araarse
 Guyyaa Jimaataa Fannoorratti Kan fannifame Iyyesuus Kiristoos Foonii
fi dhiiga osoo hin balleessinii fi osoo addahin basin walsinsiisuun waan
ta’eef cubbuu Addaam hundumaa bara baraa and
kanfayyisu,kanaraarsa,Aarsaa ta’uu danda’e Icciitii Tewaahidoo Kanaan
alatti kana gochuu kan danda’u hin jiru waan ta’eef Foon
murame,dhiigni dhangala’e Waaqummaan kan irraa adda bahe yoo
jenne namoota fayyisuu hin danda’u ture. (Ho.du.bo. 20:28, Ibr 9:1-
Dhumaatti).

Waa’ee Haadha Waaqummaa Giiftii Keenyaa


Giiftii Keenyaan haadha Waaqayyoo kan jennuun isheerraa kan dhalate
Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo waan ta’eefi Waaqummaan isaa Kuni Kanbara
baraa fi kan amalummaa ta’uu isaatiin Dhalachuu isaan dura,dhalachuu
isaatiin booda Keenyafuu Giiftii keenyaan haadha Waaqayyoo jechuun keenya
inni Waaqayyo waan ta’eefi jechi waaqa jedhu jecha giiftii “Meleke” hiikni isaa
bite jedhu irraa dhufe.

Waaqayyo jechuun bitaa,Uumaa,argamsiisaa,Sooraa,Addunuaa Uumee kan


bitu Addunyaa Kan dabarsu,isaa alitti bitaaykn argamsiisaa biraa kan hin
16
qabne jechuudha.Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos,Giiftii Keenya irraa
dhalachuun dura,Kitaabolii Kakuu moofaa irratti Waaqa Amalummaa ta’uun
isaa ibsameera.

Isaayyaas “Daaimi nuufdhalateera.Ilmi dhiiraas nuuf kennameera,


olaantummaanis irree isaarratti ta’a bara baraa,hooggannaa nageenyaa” jedhee
Waaqummaa isaa dubbateera Waaqa jadhee ,Abbaa bara baraa kan jedhan
kunniin jechoota Waaqa Amlalumma saanii hubachiisanii dha.

 Daawwiit “Gooftaan Gooftaa Kiyyaan diinita kee ejjennoo miila keetii


hangan sii taasisuuffi mirga koo taa’i jedheen” Faar. 109:1 jedhee
Waaqayyo Ilmi Gooftaan Giiftii Keenyarraa dhalatee du’a injifatee erga
ka’ee booda mirga Abbaa akka taa’u himameera.
3. Kennaa Fayyinaa Iyyesuus Kiristoosiin
arganne
 Fayyinni eeyyamaa fi kennaa silaasee tokkicha ta’uu Qulqulluu Eefreem
galata maariyamii irratti akuuma barreesse “Eeyyama isaatiin,Eeyyama
Abbaa isaatiin,Eeyyama Afuura Qulqulluutiin dhufee nu fayyise” nama
ta’uun Ilma Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos eeyyama Sillaasee ta’uu isaa
nu barsiiseera.
 Qulqulluu Phaawuloosis “Namoonni hundi akka fayyanii fi gara dhugaa
beekuu akka gahan kan jaalatu Waaqayyo qoricha Keenya fuulduratti
Kan nama gammachisuudha” 1Xim 2:3-4 jechuun fayyinni nama
hundaa eeyyama Waaqayyoo ta’uu isaa nutty himeera.
 Kennaa dhaloota isaatiin,Cuuphaa isaatiin,du’a isaatiin, du’aa ka’umsa
isaatiin nuuf keane.
 Gooftaan keenyaafi fayyisaan Keenya Iyyesuus Kirsitoos foon uffatee
dachee keesayeroo deddeebi etti kan raawwate hundi fayyina ilma
namaatii Fakkeenyumma dhafi Gara addunyaa kanaatti dhufuu isaatiin
ilma namaaf kennaa laateera.kanas qulqulluu Yoha.aannis Wangeela
isaa irratti “Nuti hundi keenya guutuu irraa fudhannee kennaa irratti
kennaan nuuf kennameera,seerri Museedhan nuuf kennamee
ture,kennaa fi dhugaan garuu Iyyesuus Kiristoosiin ta’e” jechuun
Gooftaan keenya Foon Uffachuu isaatiin fi hojii fayyummaa nuuf
raawwateen gara kennaa guutuutti akka geenyuuf kennaa irratti
Kennaan akka nuuf dabalame nutty himeera Kennaawwan arganne
Keessaa Muraasni:-

17
Lakk Fayyinanuuf Kennaa argame
raawwatame
1 Dhalootaan Sababa Sanyii fi walquunnamtiitiin bitee
gabroomsaa kan ture,Sanyiifi Walquun amtii
malee dhalatee gabrummaa Keenya balleesse,
Foon amala Waaqummaan tokko ta’e,Waaqayyo
Waliin goofoo nuuf ta’e.
2 Fayyina nuuf raawwatame Kennaa argame
3 Du’a isaa Diyaabiloo’s fannoon barbeessee daandii
Keenyarraa balleessee Kennaa fi Suga gara
jannataatti galuu,human nuuf laate
4 Du’aa Ka’umsa Du’a irratti injifannoo goonfannee abdii jireenya
bara baraa ta’uu

Kutaa. 3

Kennaa fayyinaa Waaqayyootti hirmaachuu


1.Bilisummaa namaa fi arjummaa Kennaa Waaqayyoo

Fakkeenya Sillaasen Kanuumame ilmi namaa lubbuu dubbattu,yaadduu fi


jiraattu Kan qabu yoo ta’u yaadduu Ykn beektuu kan taate lubbuu isaa waliin
bilisummaan Kennamee fira Kana jechuun akka bineensitaa lubbuu dhiigaan
qofa kan gaggeeftamu osoo hin taane lubbuu dubbattuu fi beektuu taateen
kabajamee kan barbaade kan fedhe akka raawwatuuf Kennameefii
jira.Bineensitarraa Kan adda ittiin ta’us lubbuu beektuu waan qabuufi gaarii fi
yaraa (hamaa) kan ittin adda baasuu danda’u Sammuu waan qabuuf fedhii
isaatiin wanta raawwateef itti gaafatamummaa akka fudhatu bara baraa fi
jiraachuu isa goonfachiise.

Sababa Kanaafi bilisummaa isaa Kanaan gaggeoffamaa Seera Kennameef


cabsee,muka hinnyaatin jedhame yroo nyaatetti murtiin kan itti murtaa’e
jalqabumaayyuu yeroo nyaatetti du’a ni duuta jedhamee itti himamee waan
tureef fedhii isaatiin kan filate duuti du’aa itti murtaa’e.

Kana booda murtii isaatiin gonka kan ta’e Waaqayyo olaanaan murtii dhugaan
du’a du’aa iotti murteessuus,jaalala isaatinis gonka waan ta’eef nama
jaalachuun isa fayyisuu barbaade

18
Samii Samoota irraas dhufee Dubroo Maariyamii irraa dhal;ate,Cuuphame,du’e
faanifame,du’a irraa adda bahees gara Samiitti ol bahe.

 Gooftaan Keenya gara addunyaa Kanaatti dhufee hoji fayyinaa


raawwateen Kanneen isatti amanan hundi hirmaattota fayyisummaa
isaa akka ta’aniif late fii jira. Kanaafuu ilmaan namaa hundi sababa
cubbuu Addaamiin Cubbuu dhaalaa isaan irra ture Waaqummaa
Gooftaa Keenyatti amananii,du’aafi du’aa ka’umsa isaatti amananii akka
fayyan taasiseera Kennaan kun keennaa arjummaa Waaqayyooti
Qulqulluun Phaawuloosis Kennaan fayyitaniirtu Kan jedhe isuma Kana
Efe 2:4-10

2.Fayyinaa fi Mana Kiritaanaa

 Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaallametti hojii fayyina Gooftaan


Keenya nuuf raawwateen ilma namaa fayyisee Samiirratti Kabaja isaa
jalqabaatiin taa’era yaa ta’u malee tokkoon tokkoon namootaa fayyina
Kana Kan ofii Adasisuuf wanti irraa eeggamu ni jira.Kana fakkeenyan
ilaaluuf namni tokko nama nyaata qopheessu waamee, nyaata
qopheessee mana nyaataa akka taa’u waan godheef kan beela’e quufe
jechuun hin danda’amu Kan beela’e fudhatee yoo nyaate malee Fooftaan
keenyas nama fayyisuuf du’ee,fannifannifamee,diyyaabiloos nuuf
barbadeessee deeme.Tokkoon tokkoon namaa fayyina Kanofii akka
taasifatuuf waamemeera.
 Fayyina isa dhumaa argachuuf jechuunis dhuma addunyaatti mirga
Waaqayyoo dhaabba chuufi jireenya bara baraa argachuuf,missiraachoo
fayyina isaa dhagahee fudhachuu fi waamicha Keessatti cimuu
barbaachisa Ilmaan namaa waamicha fayyinaa dhagahanii akka
fudhataniif,akka ragaa bahaniif,kandhaniif kan fudhataa immoo akka
ciman taasisuuf Gooftaan Keenya yeroo foon uffatee eegalee Duuka
bu’oota,Gargaartota (አ ር ድዕ ት) fi dubartoota qulqulloota hojii kanaaf
qopheessuun gara addunyaatti isaan ergeera hojiin kunis hojii mana
kiristaanaa ijoodha.
 Manni Kiristaanaa qulqulleetiin erga bu’uree ffamtee eegattee kennaa
du’aa fi Ka’umsa Gooftaa Keenyaan argame ilmaan namataaf ni
barsiiftii,waamichan hirmaattota fayyinicha akka ta’aniif kan isaan
jabeessu kennaa ni qooddi.
Gaaffii:- Caqasooota lamaan armaan gaditti argaman dubbisaatoo dubbii
fayyinaa waliin hiikaa qaban ibsaa
1Pheex. 2:1-5
2Pheex.1:10-dhumaa
19
3.Kennaan Fayyummaa Waaqayyoo kan ittiin raawwatamu Icciitii
Mana Kiristaanaa
 Icciitiiwwan mana kiristaanaa Kan jennuun Kennaa Manni Kiristaanaa
du’aa fi Ka’umsa Kiristoosiin argame amantootaaf qooduuf seerota
raawwattuudha.Seeronni Kun tajaajila mul’atuun Kennaan hin mul’anne
kan ittiin Kennamu amantaan Kan fudhannu ta’uu isaanitiin icciitii
jedhamaniiru
 Icciitiwwa Kunnan ijoon torba yoo ta’an isaanis
Cuuphaa,meeroonnii,Qurbaana Gaabbii lubummaa,Taklilii,fi Qandilidha
Icciifiwwan kunneen baay’een isaanii Gooffaan Keenya dachee Keessa
yeroo deddeeniietti Kan raawwatee fi kan nutty agarsiise dha Mat
3:17,Yoha.2:1-12,Yoha. 20:22,Mat26:26.
 Icciitiiwwan Kanneenin Isa 11:1-2 Kan Cafaman Surraawwan afuuraa ni
qooddamu.Fakkeenyaf Cuuphadhaan dhaloota afuuraa,Meeroonidhaan
guddina afuuraa Qurbaana qulqulluu dhan nyaata afuuraa,Lubummaan
human barsiisuu,gorsuu,qulqulleessuu,Takiiliin qulqullummaa fi Cimina
fuudhaf heerumaa,Gaabbiin haaromsa afuuraafi dhiifamni cubbuu ni
Kennamu Garuu Mana Kiristaanaa Keessatti icciitii Kan jehhuun isaan
Kana gofa miti Kanneen biros mallattoon Kan hojjetaman ija Afuuraa
qofaan Kan arginu baay’etu jiru Fakkeenyaf Kadhannaa ixaanan gochuu
(Far 141:2, Mul 8:3-4, fi kkf icciitiwwan jennaan barreeffama Kana
Keessatti,icciitiwwan yoo itti aansinee ilaalla.

Icciitii Cuuphaa
 Cuuphaa jechuun lixuu, liqimfamuu. Rifeensa sammuurraa hanga
qeensa miilatti bishaan keessa seenuu jechuu dha.
 Icciitiwwan turban keessa kan jalqabaa fi Gooftaan Keenya namni
bishaaniifi Afuura irraa yoo dhalate malee gara mootummaa Waaqayyoo
seenuu hin dandau akkuma jedhe seensa mana kiristaanaa fi
mootummaa Waaqayyooti.Waa’ee Cuuphaa Kakuu moofaa Keessatti
fakkeenyi fakkeeffameera,raajinis dubbatameeraa fi Fakkeenyichis
bidiruu Noohi seum 7:17,1Pheex. 3:20-22,Kittaannaa Qol 2:11-
12,Israa’eloonni galaana diimaa ce’uu isaanii 1Qor 10:1-12 fi Cuuphaa
Yoha.a.annisi Raajinis Hiz 36:25 dha.
 Gooftaan Keenya Cuuphaa Kan hundeesse hojii fi ajajaani hojiin ofuma
isaaf cuuphamee,ajajaan immoo duuka bu’oota ajajeeti Kanumarraa
ka’uun Manni Kiristaanaa Cuuphaa maqaa Sillaaseen bishaanin
Cuuphdi Cuuphan kan raawwatamu luba qofaani Bishaaniin

20
Cuuphamuun Keenya bishaan Kanamni hundiargatu Cuuphaan nama
hundaaf waan eeyyamameefi bishaan akkuma nama qulqulleessu
cuuphanis cubbuu Keenya cuuphadhaan dura qabnu irraa nu
qulqulleessa Kanatti dabalataan cuuphaan Kiristoos
Fakkaachuu,Kanatti dabalataan ittiin argama.
Qulqullummaa, fayyummaan ittiin argama
Gal 3:24-25 ,Efe 5:25-26, Maar. 16:16
Kiristoos du’aafi ka’umsa waliin akka waliigallu nutaasisa Rom 6:4.
 Gaaftiwwan lamaan itti aanan dubbisaatoo deebii barreeffamaan
dhiyeessuf yaalaa.
1. Cuuphaan takkittiidha yeroo jedhama mal jechuudha?maalliif tokko
taate?
2. Manni Kiristaanaa daa’imman maaliif cuuphdi? Kitaaba qulqulluu
bu’uura godachuun ibsan
 Icciitii Meeroonii
 Icciitii Qurbaanaa
 Meeroonii Jechuun dibata jechuudha Jechichi Kan isi’iiti Icciitiin
meeroonii namni cuuphamu jireenya isaatiin akka guddatuu fi akka
cimu Kennaa afuura Qulqulluu kan addaa irraa phaaphaasotaan
qophaa’a Kan eegalamaes Gooftaan duuka bu’ootaaf Afuura Qulqulluu
yeroo Cuuphamu irra harka isaanii fe’uun Afuura Qulqulluu irra
bulchaa turan HDB 19:5-7 Kanaafuu myeroo sanafti lubas ta’ee
diyaaqoniin Sirna Cuuphaa erga raawwatee booda duuka bu’oota eeguun
dirqama itti ture HDB 8:14-18.Haa ta’u malee Manni Kiristaanaa
babal’achaa fi Cuuphamtoonni biyya biyyaan baayiachaa waan
deemaniif duuka bu’oonni gara Cuuphamtoota Cuuphamtoonnis gara
duuka bu’ootaa deemuu hin dandanicha harkaan eebbisuun lubni
cuuphu nama cuuphamuuf akka dibu fi iddoo harka irra kaa’uu akka
buu su ajajaniiru Efe 1:13,Efe 4:30,2Qor 1:21-23,1 Yoha. 1:20-27.
 Icciitiin meeroonii icciitii cuuphatti aansee yeruma sana kan
raawwatamuu dha.Haalli raawwii isaatiis lubni cuuphu nama
cuuphamu adda isaa irraa eegalee qaama isaa hundumaa iddoo 36 diba
yeroo dibus dibata Afuura Qulqulluu han diba jedha namni cuuphamus
Surraa Afuura Qulqulluu argata daaimummaa luaafayyoo argachuun
isaas meerooniin mirkaneeffama meerooniin akka Caappati (Efe 1:13-
,4:30) jireenya isaa afuuratiifis guddina argata.

21
Icciitii Qurbaanaa
 Qurbaana jechuun aarsaa ta’ee Kan dhiyaatu Kan Kennamu jechuudha
Bara Kakuu moofaa Israa’eloonni waa’ee Cubbuu isaanitiif jecha
Waaqayyof kan dhiyeessan hundi qurbaana ykn aarsaa jedhama ture
Qurbaanni aarsaa midhaanii ykn beellada ta’uu danda’a Bara kakuu
haaraa garuu qurbaana kan jedhamu Waaqayyo namootaaf kan
dhiyeessadha.Kana waliinis namoonni gara Waaqayyootti kan dhiyaatan
Waaqayyos gara namaatti daandii ittiin dhiyaatu ta’uu isaa agarsiisa
Qurbaana qulqulluu Kan jedhamu Fooniifi Dhiiga Gooftaa Keenya
Iyyesuus Kiristoos 1Qor 11:27. Aarsaas jedhamee ni waamama 1Qor
5:7,Ibr 10:14.
 Haali raawwii isaas haala Gooftaan Keenya guuyaa Kamisaa duuka
bu’oota qulqulluutti agarsiiseni mat 26:26,mar 14:22-25,luq 22:19-
20.Icciitii qurbaanan kan mul’atan lama isaanis Hibistii fi
wayiniidha.Hibistiin qamadii qulqulluu irraa qophaa’a wayiniinis firii
wayinii qulqulluu irraa qophaa’a Qamadiifi wayiniiffi bishaan yoo fa’e
malee wanti biraa itti hin dabalamu Kunis Hibisttfi Wayiniin
beetelihemitti qophaa’e yeroo qiddaasee gara maqdasii galee Taabota irra
taa’ee sirni qulqulleessa irratti gaggeeffama Kunis Kiristoos
Beeteliheemitti dhalatee qaraaniyootti fannifamuu isaatiif fakkeenyaa
dha.Haala Kanaan lubni Abbaab tokkichi qulqulluudha,Ilmi tokkichi
qulqulluudha,Afuurr Qulqulluun tokkichi qulqulluudha jedheebbisee
yeroo qopheessetti Hibistichi gara foon waa qummaatti,wayiniin gara
dhiiga waaqummaatti gaggeeffama.Gooftaan keenya Hibisticha geeddaree
duuka bu’ootaaf hoodaa nyaadhaa,Wayinichas gara dhiiga
waaqummaatti geeddaree hoo dhatoo dhugaa,hibistichaan kun foon
kooti,wayinichas kaasee eebbisee hoodhatoo dhugaa kuni dhiifama
cubbuu namoota baay’eef jecha kan dhangala’u dhiiga kook an kakuu
haarati akkuma jedhe Icciitii qurbaanatiin kennaan kennamu baay’edha
Isaanis.
1. Dhiifama cubbuu mat 26:26,1Yoha. 1:7
2. Kiristoos waliin tokko taana, tokkummaa niuumna Yoha. 6:56.
3. Jireenya bara baraa I dhaalla Yoha. 6:54-58
4. Du’aafi Ka’umsa Kiristoos akka yaadanuu fi guddina afuuraa akka
argannuuf 1Qor 11:52

Gaaffii 1) Sirna Mana Kiristaanatiin Dhiiga fi foon isaa fudhachuu kan


danda’an eenyu faadha?

22
Namni tokko dhiigafi foon erga fudhatee booda akkamitti jiraachuu
qaba?

Icciitii Gaabbii
 Gaabbii jechuun gaabbuu,cubbuurraa deebi’uu ofhaaromsuu fi
geeddaramuu jechuudha.Gaabbiin namni gaabbii galu luba gaabbii
kennuun fi Waaqayyo irraa gadda dhugaatiin dhiifama Cubbuu icciitii
ittiin argatuudha.Addaamirraa kan dhalate hundi cubbuu sayii
Addaamiirraa dhaalameen jal’ina cubbuu qaba (Rome 7:15-17)
Bilisummaa namaa,muka beekumsaa fi seera Kenname
Eenname
Eeyyama bilisa ykn fedhii bilisa kan jedhe dhallinamaa umurii isaa
gasaabduu (murtooftuu) Keessatti waan tokko raawwachuuf ykn
raawwachuu dhiisuuf Waaqayyo irraa kan kennameef filannoon
dhuunfaan isaaykn murtoo isaadha jechuun ni danda’ama Harka Kee
waan (isa) barbaadde Keessa akka galchitutti Kunoo abiddaa fi bishaan
sii Kaa’e haarka kee kan barbaadde Keessa galchi “( siira o5:o6) Kan
jedhameef Kanaafidha Waaqayyo yeroo ilma namaa yeroo bifaa fi
fakkeenya Isaatiin Uumutti fedhii fi eeyyama hin daangeffamne waan
Kenneef namnis fedhii fi eeyyama bilisa isaatti fayyadamee daandii filate
irra deemuuf danda’eera.Kana ta’uu isaatiin umama hundumaaf
gullilaatii (qinaaxxii) Kan ta’e Addaamiin “Jannata Keessaa hundumaa ni
nyaatta.Haata’u malee muka isa hamaa fi gaarii beeksisu irraa hin
nyaatiin.yeroo isarraa nyaattetti du’a ni duuta (Se.uma 2:17) jedhee ture
Addaamis eeyyama bilisa isaa kennameen,filannoo bilisaatiin osoo firii
muka balas osoo hikutiin jiraachuu irra kutee nyaatee du’uu waan
filateef eenyuyyuu isa daangessuu (duorkuu) kan hin dandeenye
akkaataa murtoo Waaqayyootti du’aan akka adababamu itti
murteesseera “Ati biyyoo tureetii gara biyyootti deebita (Se.Uma 3:20)
Qulqulluun Phaawuloosis eeyyama bilisaatti fayyadamee du’a dhufe
ilaalchisee akkana jedha “Sababii Cubbuu Addaam tokkichaan murtiin
du’aa nama hundumaa irratti akkuma dhufe karaa Kiristoos tokkichaan
qulqullummaan immoo namoota hundumaaf dhufe.(Roome 5:12)
Waaqayyo yeroo dhala namaa uumu bilisummaa dhorkee dirqamaan
akka Isa hordofan hin taasifne.Kana waan ta’eefis namni eeyyama bilisa
isaatiin akka fayyadamutti seera hojjeteera Bu’uurri seeraa Kun dhalli
namaa eeyyamnii fi fedhiin bilisaa waan kennameefira osoo kana hin
taaneetii Bara Kakute haaraas ta’ee kakuu haaraatti seeronni
tumamuun hin barbaachisan ture “Gara jireenyaatti seenuu yoo

23
barbaadde garuu seera isaa eegi” (Maate. 19:16) Kan “Yoo barbaadde
jedhu kun dhala namaaf eeyyamni (fedhiin) bilisaa akka kennameef
agarsiisa.

Kufaatii namaa fi firii isaa


Dhalli namaa ajaja Waaqayyoo cabsee yeroo cubbuu raawwatetti murtiin du’aa
fi abaarsaa itti murteeffame Surraan isaa irraa haqame,ni gadirfame,jannata
keessatti gammachuun jiraaraatu keessaa ni ari’ame (se’ume 3:16) Firiin
dhorkame irraa guyyaa nyaattetti du’a ni duuta jedhamee Waan murteeffamee
fi ajajni isaa immoo waan hin kabajamneef murtiin du’aa Addaamii fi ijoollee
isaa hundumaa irratti qaqqabuun caalaatti abaarsa guddaa akka abaarame
(se.uma 3:20) irratti nutty himameera.

Kun nama isa jalqabaa addaamitti murtiin murtaa’e dhala namaa hundaatti
darbeera sababii kanaan Cubbuun sababii nama tokkoon gara addunyaatti
gale cubbuutiinis ni du’e, akkasumas warra cubbuu hin raawwanne irrattillee
duuti qaqabe” jechuun qulqulluun barsiiseera (Roome 5:5).

Akkuma ol irratti caqasametti dogoggora kan raawate ilmaan namaati dha


murtii Waaqayyoo isa loogii hin qabneen gatii cubbuu isaa fudhachuutii kan
qabu isuma cubbamicha dhalanamaa sana ture malee kan biraata’uu hin
danda’u Cubbuu hojjete sanaaf gatiin isaa du’a ta’uu isaa yeroo agarsiisu
duuka bu’ichi Phaawuloos gatiin cubbuu du’adha jedha.

Gatiin du’aa immoo yoo du’e namni hundumtuu cubbuu mataa isaatiin
du’uun alatti filannoo kan biro hin qabu ture jechuudha.Kanaafuu namni
Xoofoo du’aa dhugee waggoota hedduuf jiraate.

Namnis bakka kufee ka’uuf baroota adda addaa raagdotaa fi lubootaan aarsaa
namni dhiyeesse (kadhate) Haata’u malee aarsaa namni dhiyeessee fi ixaana
inni ule sun kufaaatii isaarraa kaasuuf hin dandeenye Sababiin isaa warri
aarsicha dhiyeessan iddaa cubbuu Addaamiin warra Xaxamani dha Waan
Kana ta’eef aarsaan isaan dhiyeessan isaan fayyisuuf akka hin dandeenyeef
yeroo baranitti “Harkakee Simiirraa ergiitii nu fayyisi jechuun waliin
(tokkummaan) iyya dhageessisaan.

24
Kutaa Lama Barumsa bu’uura fayyinaa

1) Fayyuun Maaliif Barbaachise?

Dhalli Seera Waaqayyo isaa kenne irra darbee yeroo jirutti murtoo isaatiin
dhugaa qabeessa kan ta’e Waaqayyo murtii du’aa itti murteesse Amaluumaan
namaa ni Xuraa’ee (rakkataata’e),Surraan isaa irraa molqame.Murtoo
Kanaanaa fi jireenya dogoggoraa keessa osoo jiraatuu diiyaabiloos
garbeffateetu yeroo dhalli namaa ulfamaa’amuu eegalee itti hidamuun hanga
du’aatti kan isa bitu ta’e Du’a boodas lubbuu isaa sii’oolitti,foon isaas awwaala
keessatti kan dhiphisu ta’e Kanaafuu dhalli namaa jireenya du’aa fi gi diraa
kana irraa kan isa fayyisuu fi gara Waaqayyootti bara baraatti kan isa geessisu
isa barbaachise Kanaafuu kan isa geessisu isa barbaachise Kanaafuu dhalli
namaa fayyuun kan isa barbaachise.

1ffaa yeroo muka balas irraa nyaattetti du’a du’aa ni duuta jedhamee kan itti
murtaa’e murtoo sana of irraa kaasuuf

2ffaa Seera Cabsuu isaatiin Surraa irraa molqame deebisuuf

3ffaa Foon isaa gara awwaalaa lubbuun isaas gara si’ool bu’aa Ka’umsaa
argachuun,lubbuu isaa hiduama si’oolii baasee gara Gannataatti kan geessu
balbala jannataa bansiisuuf

4ffaa Dhalli namaa osoo hin yakkiin dura kabaja isa duraa jireenya
qulqullummaatti deebi’uuf fayyisaan isa barbaachisee ture.

2) Gooftaan Iyyasuus Kiristoos qoricha (fayyisaa) dhala naa isa eegamaa ture

 Kaayyoo bu’uuraa seerri ooriitii kennameef


 Waa’ee fayyina namaa ilaalchisee raagdota,abdiiwwanii fi fakkeenyota
kakuu moofaatti himaman.
 Dhalli namaa gorsa seexanaatiin yoo Uumaa isaa miidhes Waaqayyos
kan dhiifama taasisuu fi kan nama jaal’atu waan ta’eef yoo akkam
jannata keessaa ari’eenillee Addaam kan jannatatti dhiyooni dha.Addaan
akka abdii kutee hin hafneef qalbii isaa keessaa gala abdii akka
qopheeffatuuf ogummaa Waaqayyo itti fayyadamedha Sa’aatii Addaam ol
jedhee jaanata olilaa’utti waan hunduu borii fi borii ol “Gara Kabaja
duraatti na deebiseera” jechaa abdiin akka jiraatu taasiseera.
 Kanaa alattis namni tokko yakki itti murtaa’ee gara mana hidhaatti
yeroo fudhatamutti akkuma mootummaan manaa fi qabeenya isaa
eegsisuuf Waaqayyos Addaamitti du’a foonii Addaam jannatni

25
barbadaa’ee hin badne Hanofirra gagalgaltu harka isaaniitti kan
qabamtee jirtu Kiruubeelii fi Suuraafeel mana jirenya Addaam kan
taate3 jannata akka eegaan if Waaqayyo isaan ajajeera (Se Uma 3:20).
 Addaamis akkaataa muchummaa isaatti aarsaa isaa kan dhiyeesse
gaabbii galee waggaa dhibba tokko boo’e “Addaam cubbuu isaa
yaadachuun waggaa dhibba tokko boo’e” jechanii abbootiin qulqulloonni
barumsa isaaniin ibsanii barreessaniiru.Hiiktonnii fi hayyoonni kakuu
moofaas “Addaam Cubbuu isaa yaadaa boo’uun alatti yaada biraa hin
qabu ture” jechuun hiika galata maariyaam irratti abbootiin gaabbii
mul’isanii barreessaniiru.
 Waaqayyo imimmaan gaabbii Addaamiin ilaalee “Yeroo waggaa shanii fi
walakkaa ta’utti dhala dhala keerraa dhala dheen lafa irratti hiyyoomeen
fannoo irratti fannisameen du’een sifayyisa”jedhee abdii kenneef (Kitaba
Qalemiin Xoos) ilmi namaas abdii kanaa eegaa turee bara boodaatti
qulqulleettii dubrii maariyaamiitiin raawwii argateera.
 GAbatee armaan gadii keessatti caqasoota ibsaman firoomina dubbii
fayyinaa wajjin qaban ibsaa.

Lakko Caqasa Ibsa


1 Se.uma 3:22
2 Se.uma.18:20
3 Se.uma.22:1-Xumu
4 2Mooto 6:1-6
5 Faar.143:7-8

Xumurri raawwii barichaa ga’uu


Qulqulluun Phaawuloos waa’ee dhalachuu Gooftaa Keenyaa yeroo dubbatu
“Yeroo Xumurri barchaa ga’utti Waaqayyo isa dubartii irraa dhalate isa
seeraan gaditti dhalate Ima Isaa erge jedhee dubbateera Qulqulluun
Phaawuloos Xumura barichaa kan jedhe.

1ffaa .Addaamitti murteessee kan ture murtiin isaa dhugaan ga’uu isaa
agarsiisa

2ffaa Yeroo Addaam yakketti nu keessaa akka isa tokkoo ta’e jechuun Sagalee
Waaqummaa isaatiin kan dubbate ka’umsa taasifatee dhalli namaa
hundumtuu abdiidhaan eeggachaa kan turan Addaam Sillaasee keessaa akka
isa tokko ture akka Waaqayyo Ilmaa yeroon itti ta’u Subaa’ee yeroo lakkaa’a

26
turanitti waan ta’eef subaa’ichi Xumuramuu isaa fi raagdichi Xumuramuu isaa
ibsuu isaati.

3ffaa Jechi nama ta’uu isaa

Iccitii Foonummaa
Iccitii foonummaa jechuun qaama sadan keessaa qamni tokko Waaqni qaama
isaa addaatiin foon uffachuun Isaa fi iccitiin nama ta’uu iccitii foonummaa
jedhama Kunis qulqulluun Yoha.aannis jalqaba sagalee isaa irratti “Jalqaba
sagalee tu ture…sagaleenis foon ta’e” kan jedhe dha Sagaleen kun foon ta’e
kan jedhu akkamiin nama ta’e yoo jenne osoo wal-hin makiin,osoo wal-hin
jijjiiriinii fi osoo wal-irra hin tuulamiin tokkummaa’uu (tewaahidooni dha.)

Tewaahidoo jechuun iccitii aama lama irraa qaama tokko,amaluumaa lama


irraa amaluumaa tokko ta’uudha Qaama lama kan jedhame qaama Akkeenyaa
(Waaqummaa) fi qaama foonii dha Amaluumaa lama kan jedhames
amaluumaa waaqummaa fi amaluumaa foonii dha Qaamni Akkeenyaa Kan hin
Xuqamne harkaan kan hin qabamu (Xuqamu) waan ulfaataa ta’eedha Qaama
lama irraa qaama tokko jechuun Akkeenyummaa dhokataan dhokatummaa
Isaa osoo hin gadhiisiin,foon Ulfaataan (dadhabaan) Ulfaatummaa isaa osoo
hin gadhiisiin jechuunis foon ulfaataan Akkeenyummaa dhokataa osoo
ulfaataa,akkasumas osoo dadhabaa hin taasisiin,Akkeenyi dhokatoon foon
Ulfaaticha (dadhabaa) osoo dhokataa hin taasisiin wal-eeguun tokkummaa’an
jechuudha.

 Tokkummaa’uu (tewaahidoo) Qaamaa fi Foonii

Amaluumaan Akkeenyaa kan hin dune, kan hin dhukkubsanne, kan hin
dadhabne,kan hinnyaannes Kan hin jijjiiramne,kan hin dhugne yoo ta’u
amaluumaan foonii kan dhukkubsatu,kan du’u,kan dadhabu,kan gadduu,kan
boo’u Kan nyaatu, Kan dhugu, Kan beela’u Kan mugu,kan hirraan fatu
dha.Amaluumaa lama irraa amaluumaa tokko jechuunis immoo Akkenyi kan
Isaa kan hin taane amaluumaa foonii amaluumaa isaa taasifatee,foonis kan
isaa kan hin taane amaluumaa Akkeenyaa amaluumaa isaa taasifatee
lameenuu tokkummaa’e jechuudha “Qabeenyi foonii Sagaleef
(Akkeenyaaf),qabeenyi Akkeenyaa (Sagalees) fooniif ta’an” Amantaa abbootii
kan Qeerloos.Qulqulluun Yoha.aannis “Sagaleen foon ta’e” Kan jedhe kan
Akkeenyummaa fi Qaamuwaa ta’e ,kan jedhe addunyaa kan uume
Waaqayyooni dha.Kunis “Sagaleenis Waaqayyo ture” jedhe sagaleen foon uffate
Waaqayyo akka ta’e ni gorsu (Yoha.a. 1:1,1:14)

27
Kanaafuu Tewaahidoo jechuun lama kan itti ta’an Waaqayyo Karaa giiftii
Keenya maariyaam namaa wajjin iccitii ittiin firoome jechuudha.

Durasaa Waaqayyo Addaamiin “Akka bifaa fi fakkeenya keenyaatti haa


Uumnu” jedhee yeroo Uumutti bifaan isa fakkaate malee fooniin isa hin
fakkaanne ture.Fooniin waan itti hin firoomneef yeroo Addaam du’utti hin
duuneef ture Booda garuu bifaa fi fakkeenya Isaan waan Uumeef jabinni
Jaalala isaa akka fooniin itti firoomu taasise.Haatis ilmoo ishee kan ittiin
jaalattu caalaatti Kan jabaate firoomina jaala isaas Addaamiif jecha
dhukkubsateef,ni dadhabeef,ni beela’eef,ni dheeboteef: Walumaa gala dhiphina
isaa hundumaa ni baateef (Isa3:4) Dhuma irrattis du’I jedhee itti murteessee
kan ture Inni mataan Isaa duuti itti murtaa’ee Addaamiin du’a irraa fayyiseen

Inni Addaamiin du’a jedhee itti murteesse Addaam waan dhiifama taasiseef
dha Foon Addaam Kan Akkeenya tokkummaa’e waan hin turreef yeroo du’ee
turetti awwaalamee tortoree jiraate Namoota du’a irraa fayyisuun haa hafuutii
innuu eega du’ee booda lubbuun isaa gara boqonnaatti galuuf hin dandeenye
Akkeenyaan Kan tokkummaa’ee foon Addaam isa lammaffaa Kiristoos garuu
du’a injifatee du’a injifatee namoota hundumaa du’a irraa fayyise
Namnilubbuu isaa eega irra adda baatee booda osoo eebootiin waraananiillee
dhiigni keessaa hin ba’u Gooftaan Keenya garuu eega lubbuun Isaa foon Isaa
irraa adda ba’ee booda foon Akkeenyummaan kan tokkummaa’e waan tureef
waraannaan dhiigni Keessaa dhangala’eera.

Akkeenyi fooniin Kan tokkummaa’e ta’uu isaa kan nuu agersiisu ajaa’ibni
Gooftaan Keenya raawwate kan biraanis jira “Yeroo darbutti dhalachuu isaa
duraa eegalee nama jaamaa ture arge Barattoonni Isaas “Yaa barsiisa namni
kun jaamaa ta’ee akka dhalatuuf Kan Cubbuu hojjete eenyudha? Isamoo?
Maatii isaati? Jedhanii gafataniin” Iyyasuusis akkana jedhee deebiseef “Hojiin
Waaqayyoo isaan akka mul’atuuf malee inni ykn maatiin isaa cubbuu hin
hojjenne ….” Kana jedhees lafa irratti tutee hancufa isaatiin dhoqee taasise
dhokkichaan ija nama jaamaa sanaa deebeetu “Deemiitii bakka Cuuphaa
Saliihomiitti dhiqadhu” jedheen (Yoha.a. 9:7) Jechi hojiin Waaqayyoo isaan
akka mulatuuf malee jedhu Gooftaan Iyyasuus Kiristoos Waaqa foon
tokkummaa’e ta’uu isaa hojii hubachisudha.Hancufa tufee biyyoo dhoqqeessee
isa tasumaa hin turre uumuun Isaa foon Akkeenyummaan tokkummaa’e ta’uu
Isaa foon ibsudha.Akkeenyi (Waaqni) han cufa hin qabu Foon immoo uumuu
hin danda’u Namni kun yeroo dhalatee eegalee ija hin qabu ture.Adda duwwaa
ta’ee ture kan Uumame.Qaamni ijaa kan isa hir’ate nama addaa ture.Naannoo
sana qaro dhabeeyyii hedduun osoo jiranii barattoonni isaa yaa barsiisaa
namni kun jaamaa ta’ee dhalachuu isaaf kan Cubbuu hojjete eenyudha?

28
Jedhami maaliif gaafatan yoo jedhame yeroo addunyaan Uumamee eegalee kan
akkana osoo mallattoo ijaa hin qabaatiin adda duwwaa qofaan namni dhalate
argame waan hin beekumne dha. Isaanis arganii waan hin beekamneefi
beekumaa ta’ee dhalate ijaa isa eenyu akka bane yeroo addunyaan Uumamee
eegalee dhaga’amee hin beekamu” jedhee (can isa fayyise Waaqayyo ta’uu isaa
fi Innis yeroo addunyaan Uumamee eegalee abdoota turan keessaa adda kan
ta’ee ture ta’uu isaa ragaa ba’eera Akkuma ol irratti ibsame Akkeenyi (waaqni)
hancufa hin qabu,foon immoo Uumama malee Uumuu hin danda’u.Goftaan
Keenya garuu tokkummaa’uun nama kan ta’e waan ta’eef ija tasumaa hin
turiin hancufa fooniin Umuufhanchfa qabun tokkummaa’uu Isaa ni
mul’ate.Namni jaamaan kunis waan itti hirr’atu qaba ture.

Akkeenyi dursaan Addaamiin biyyoo irraa Uumee ture (se.Uma 2:7) Uumuun
hojii Waaqayyoo qofaadha; qaamni hin guunneef ture.Qaamaa Kanas
Uumamni akka Uumaatti guutuufii hin dandeenye.Gooftaan Keenya garuu
Addaamiin biyyoo irraa hojjeteen kan ta’uu isaa dhoqqee bukeessee ija Uume.

 Tawaahidoon Fayyina Keenyaaf barbaachisummaa inni qabu

Dhalli namaa kufuu isaatiin booda kufaatii irra ga’e irraa kan isa fayyisu
abbaa seeraa jabaa fi dhugaan isa barbaachisa ture.Kana jechuun fayyina
Addaamiif Wantoota gurguddoo lamatu isa barbaachisa ture.

A) Cubbuu irraa qulqulluu Kan ta’e beenyaa Waaqayyoof kan ta’u aarsaa
cubbuu dhiifamsiisuuf danda’u.
B) Aarsaa dhiyeessuu fi Addaamiin Waaqayyoo Wajjiin araarsisuu Kan
danda’u luba aangoo kana qabu.

Isaan kana lamaan lubboonni kakuu moofaas,mootonnis,Ergamoonnis ta’anii


garee biroon guutuufii waan hin dandeenyeef Waaqayyo ol’aanaan Ilma ISaa
tokkicha Waaqayyo Ilma gara addunyaatti erge Aarsaa Cubbuu dhiifamsiisuuf
dhiyaatus matuma isaa Addaam irraa foon fuu dhe Isa Kanas Cubbuun durii
irra kan hin jirre akka ta’utti qulqulleettii dubroo adha Isaa dhala sanyii
cubbuu irraa eegee haadhummaaf qopheesse Gooftaan Keen aaqa bara baraa
waan ta’eef luba bara baraa fi Waaqa gonka dha.Kanaafuu guyyaa jimataa
yeroo fannoo irratti fannisametti giiftii kennya maariyaam irraa kan fudhate
foonii fi dhiiga aarsaataasisee ofii Isaa luba ataarsa ta’ee yakka Addaamiin
beenya ta’uun ofiin araarseen Guyyaa jimaataa fannoo irratti kan fannifame
Iyyasuus Kiritstoos foonii fi dhiignya (Waaqummaa) ISaa wajjin osoo walin
irraa adda hin ba’iin,osoo wal-hin balleessiin tokkummaa’uun
(tewaahidummaan) waan ta’eef Cubbuu Addaam hundumaa bara baraaf Kan
fayyisu,Kan araarsu aarsaa fayyinaa ta’uuf dandda’e Iccitii tewaahidoo
29
Kanaan alatti Kana raawwachuu Kan danda’u Waan hin jirreef.Foon Kutame
dhiigni dhangalaasame Kan Akkeenyuummaan (Waaqummaan) irraa fagaate
Ykn adda ba’e osoo ta’eetii Sagaleen foon kan ta’e tewaahidoon osoo hin
taaneetii namoota hin fayyisu ture (Ho.du.bu 20:28,Ibro9:1-Xumura).

 Giiftiin Keenya deessuu Waaqummaa ta’uu Ishee

Giiftii Keenyaa deessuu Waaqaa kan jennuun isheerraa kan dhalate


Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqa waan ta’eefidha.Waaqummaan Isaa
kun kan bara baraa fi amaluumaa waan ta’eef osoo hin dhalatiin duras
dhalatee boodasidha.Kanaafuu giiftiin Keenyaan deessuu Waaqaa jechuun
Keenya Inni Waaqa waan ta’eefi dha Jechi Waaqa jedhu Waaqeffame,bite hiika
jedhu qaba Waaqa jechuun kan bitu,Uumaa argamsiisaa,sooraa,addunyaa
Uumee kan bitu,addunyaa kan dubarsu,Isaan Olitti Kan biraan Kan bitu ykn
argamsiisaa kan hin qabaanne jechuudha.Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos
giiftii Keenya irraa osoo hin dhalatiin duraan dursee kitaabita kakuu moofaatti
Waaqa amaluumaa ta’uun Isaa ibsameera Isaayiyyaas “Daa’imni nuu
dhalateera,mucaan dhiiraas nuu Kennameera oogganummaan gatiitti Isaarra
ta’a Maqaan isaas dinqii,gorsaa,Waaqa jabaa,Abbaa bara baraa,oogganaa
(dursaa) nageenyaa” jedhee Waaqummaa Isaa dubbateera Waaqa jabaa,Abbaa
bara baraa kan jedhaman jechoota Waaqa amaluumaa Isaa Kan ibsanidha.

Daawwiit “Gooftaan Gooftaa Kootiin hangan diinota kee miilla kee jalatti si
bichisiisutti mirga Kootiin taa’I jedheen” jechuun (Faar 109:1) irratti Kan
dubbate Gooftaan Waaqayyo Ilmi giiftii Keenya irraa dhalatee du’a injifatee
eega ka’ee booda mirga Abbaatiin akka taa’u dubbateera Gooftaan Keenya
Iyyasuus Kiristoos mirga Gooftaa Waaqayyoon akka taa’u Innumti Gooftaan
Keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo barsiisutti warri fariisotaa walitti qabamami
osoo jiranii waa’een Kiristoos maal isinitti nfakkaata? Ilma eenyuutis?jedhanii
yeroo deebisaniifitti Innis maarree Daawwiit Gooftaan Goftaa Kootiin hanga
anidiinota kee miilla kee jalatasii bichisiisutti mirga Kootiin taa’I jechuun
akkamiin afuuraan Gooftaa jedhee Waamaan?Daawwitoo Gooftaa jedhee yoo
waame akkamiin ilma isaa ta’a” jedhee osoo foonii hin tokkummaa’iin dura
osoo mirga Waaqayyo Abbaatiin jiruu Waaqayyo Ilmi Gooftaa Daawwiit ta’uu
Isaa ibseera( Maate. 22:16,Ibro1:4).

Surraa Fayyinaa Iyyasuus Kiristoosiin arganne

 Fayyuun eeyyamaa, fi kennaa tokkittii qulqulleettii Sillaasee


dha.

30
Qulqulluun eefireem kitaaba isaa Galata maariyaam irratti “Eeyyama Isaatiin
eeyyama Abbaa Isaatiin eeyyama Afuura Qulqullutiin nufayyise” jechuun
akkuma ibse nama ta’uun Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos eeyyama
qulqulluun Phaawuloosis namooni hundumtuu fayyuu fi dhugaa isaa gara
beekutti akka ga’an kan jaallatu Waaqayyo oricha Keenya duratti Waan gaarii
fi waan gammachiisaadha (1Xiimo. 2:3-4) jechuun fayyinni nama hundaa
eeyyama Waaqayyoo (qulqulleettii Sillaasee) ta’uu isaa nutty himeera.

 Dhalachuu,Cuuphaa,du’aa fi du’aa ka’uu isaatiin Surraa nuuf


kenname

Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos foon Uffatee yeroo lafa kana irra
deddeebi’aa turetti Wantoonni inni raawwachaa ture hundumtuu
fayyina,fakeenyummaa dhala namaafidha.Gara addunyaa kanaatti dhufuu
Isaatiin dhala nammaa surraa Kenneera Isa Kanas qulqulluun Yoha.a.anis
wangeela isaarratti nuti hundi keenya surraa Isaa irraa fudhannee surraa
irratti surraa nuu Kennameera.Seerri muse dhaan nuu kennamee tureetii
Surraa fi dhugaan garuu Iyyasuus Kiristoosiin ta’e jechuun Gooftaan Keenya
foon Uffachuu Isaatiin Kan nuuraawwate hojii fayyinaa Isaa gara surraa
argachuutti akka geenyuuf surraa irratti Surraan akka nuu dabalam nutty
himeera.Surraa arganne Keessaa muraasa isaa.

Lakko Fayyina nuuf Surraa argame


ta’e
1 Dhalachuu Sanyii fi Wal’quunnamtii saalaa irratti hidham
seexanni raawwachaa ture sanyii malee, wal-
quunnamtii sadaa malee dhalatee hidhamicha nurraa
balleesse; Foon amaluumaa Waaqaa tokkummaa’ee
Waaqayyoo wajjin firoomne.
2 Cuuphaa Afuura Qulqulluu fi bishaan yordaanosit
cuuphamuun kan argamu dhalachuu afuurawaa nu
hundeesse Xalayaa idea keenyaa nuurraa tarsaa
3 Du’a Isaa Diiyaabiloosiin fannoo Isaatiin hidhee daandii Keenya
irraa barbadeessee surraa gara jannataatti seenuu fi
human nuu hire.Dhiiga Isaa fannoo irratti
dhangala’een foon Isaa murameen nyaata bara baraa
nuuf hire
4 Du’aa Du’a irratti injifannoo gonfannee abdii jireenya bara
ka’umsa baraa qabaachuu ykn argachuu

31
1) Dubbii Dhumaatii addunyaa
Dhufaalii lammaffaa Iyyasuus Kiristoos Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos
dursee nama fayyisuuf durbee maariyaam irraa nama gonkana ta’uun gadi of
qabuun gara addunyaa kanaa dhufe Dhufaatii Isaa kan duraa kanaan foon
bofaa uffatee kan nama dogoggorsiin goyyoomsamee Kufe dhala namaa
fayyisuuf waan dhufeef bifa garba Isaa qabatee mataa Isaa salphiseetu dufe
Waaqa gonka nama ta’ee waan ta’eef cubbuu irraa Kan hafe hojii dhala namaa
hundumaa raawwateera Fannisamee du’ee du’a keessaa ka’ee booda guyyaa
40ffaatti gara samiitti ol ba’e Ta’us Inni mataan Isaa akkuma dubbate akka isa
yeroo jalqabaatti mataa gadi qabachuun osoo hin ta’iin namummaan osoo
jiruu sodaachisummaa Akkeenyaatiin (Waaqummaatiin) deebi’ee yeroon itti
dhufuu fi samii fi lafti yeroo itti badan,du’oonni awwaala keessaa yeroo itti
ka’an ,samii haaraa fi laftii haaraan yeroo itti mul’atanii fi dhala namaaf yeroo
murtiin itti kennamu guyyichi ni dhufa Isa kanas dhufaatii Kiristoos
lammaffaa jennaan kunis Xumura (dhuma) addunyaa Kanaati Wantoota
raawwatan tartii baan wal duraa boodaan yeroo ilaallu du’aa ka’umsi du’ootaa
dursee ta’a,boodas murtii isa dhumaa fi jireenya bara baraatu ta’a.

2) Xumuramuu Waan hundumaa


Du’aa Ka’umsa du’ootaa
Akkaataa barumsa Kiristaanaatti duuni Xumura dhuma namaa miti.Jireenya
isa yeroo irraa gara dhuma namaa miti.jireenya isa yeroo irraa gara jireenya
bara baraatti kan ittiin ce’ani malee itar’a harca’ee tortoree biyyoo ta’ee kan
jiru foon namaa lubbuu namaa wajjin tokkummaa’ee ka’a Duri foon lafa irraa
fudhatee bakka hin jirree fi dheetu uumeen.Booda immoo lubbuu bakka
isheen jirtuu foonis awwaala keessaa sassaabee lubbuu itti horee kaasuun
isaaf hin dadhabamu jalqaba Waaqayyo Addaamii fi Hewaan lubbuu jiraattuu
fi hin dune yeroo Kennuu fitti foon isaanii kan hin dune ture.Haata’u malee
gorsa Seexanaatiin yeroo Kufanitti duuni isaani itti murtaa’e Haata’u malee
namni akka lubbuun jiraatutti kan ture Kaayyoon Waaqayyoo seexanaan hin
barbadoofne Namni eega du’ee booda Ka’ee akka jireenya argatuuf Waaqayyo
nama hundumaaf du’aa ka’umsa qopheesse.

Kanaafuu jireenyi Keenya har’aa yeroofidha duutis yeroofidha yeroo dhuma


irratti jireenya bara baraa qofatu jiraata Du’aa Ku’umsa yeroo jennu foon bifa
ammaa kanaan hin ka’u,haaromsameetu malee Qaamni hiri’ina qabus
hir’inaan hin ka’u yeroo du’aa ka’umsaa dheeraa fi gabaan,diimaa fi gurraachi
hin jiru.Fedhiin foonii har’a jiru hundumtuu yeroo sanatti hin jiru,fuudhuu fi

32
heerumni hin jiru Du’aa ka’umsaan dooda namoonni hundumtuu akka
Ergamoo taatti jiraatu (Maat 2230).Har’a akkuma lubbuun fooniin jirtu booda
immoo foon lubb uun jiraata Du’aa ka’umsi haaromsaan yoo ta’eyyuu kan ka’u
yoo ta’eyyuu kan ka’u qoomuma dura turedha.kan har’a hojii gaarii hin
hojjennee qaamni biraan ka’ee gatii hin fudhatii Akkasumas kan har’a hamaa
hin raawwanne qaamni biraan ka’ee adabbii hin fudhatu kanaafuu qaamuma
hamaas ta’ee gaarii hojjetu ka’a.Du’aa Ka’umsi du’ootaa kakuu moofaa fi
Kakuu haaraatti mirkaneessamee himeera (Isa 26:3,Daan12:2) Gooftaan
Keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa Ka’umsa du’ootaa du’aa ka’umsa mataa
Isaatiin nuuf mirkaneesseera.(Roome 4:25 ,Yoha.a. 5:25-29) Yoha.a. 6:29-44,
11;24-25 Hodu’bu 4:1,1Qoro 15:1-Xum.

Du’aa Ka’umsi du’ootaa hundumaafi dha Namni Kallattii du’a Kamiinuu yoo
du’e hojii akkamiillee yoo raawwate Ka’uun isaa hin hafu (Rome 8:23,1Qoro
6:13-26,Maate. 25:31-40.Du’aa KA’umsi Kan ta’u Yeroo faaggaan afuufamutti
dha (1Qoro 15:52.,Tasa 4:17) Du’aa ka’umsatti qulqulloonnis cubbamoonnis
ni ka’u Haalli Ka’umsa isaanii garuu adda addadha kan qulqullootaa Kan
kabajaa dha,du’aa ka’umsi cubbamootaa garuu kan du’a du’aati.Kunis
qulqulloonni UUmaa isaanii Kiristoosiin fakkaatanii cubbamoonni immoo
oogganaa isaanii diiyaabiloosiin fakkaataatanii ka’u.

Murtii bara baraa


Murtii bara baraa kan jedhamu Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos dhufaatii
Isaa Kan lammaffaatti murtii cubbamootaa fi qulqulloota irratti dabarsuu
dha.Qulqulloonni gara mootummaa bara baraatti,cubbamoonni immoo gara
Gahaannamaatti murtii ittiin ergu bara baraaf jabaatee kan jiraatu waan ta’eef
murtii bara baraa jedhama Namoonni tokko tokko murtoon barabaraakun
Waaqayyo irraa hin eegamu, kanaafuu murtiin tokko tokko hin jiru jechuuf
yaalu Haata’u malee Waaqayyo gonka yennaa jedhamu waan
hundumaatiini.jaalala isaatiin gonkadha,murtii isaatiinis gonka dha.

Jaalala Isaatiin samii samii irraa bu’ee foon uffatee akka mul’atee fi fannifamee
du’ee akkuma nufayyisee akkanuma immoo murtii isaatiin dhuga qabeessa
gonka waan ta’eef murtoo dhumaa murteessa Qulqulluun Pheexiroos ergaa
isaarratti abdiin jecha dhufaatii isaa Pheexiroos ergaa isaarratti abdiin jecha
dhufaatii Isaa garamidha? Yeroo abbootiin itti du’anii Uumama jalqabaa irraa
eegalee akka jiraatetti ture jedhu jechuun namoonni hedduun dhufaatii Isaa
lammaffaa fi raawwii adduunyaa shakkuu isaa nii dubbateetu Waaqayyoo
waa’ee abdii sagalee isaatiif hin ture” jechuun Waaqayyo murtii bara baraa
murteessuuf kan hin barfanne ta’uu Isaa nutty himeera.

33
Jireenya Bara baraa fi gadiraa bara baraa
Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos dhufatiin Isa inni jalqabaa nama isa
sababii Cubbuutiin du’a itti dufe irraa fayyisuuf ture. Haata’u malee Kaayyoon
dhufaatii Isaa inni lammaffaa jiraattotaa fi du’oota irratti murteessufi dha.
Du’aa hundumaa sanaan booda Gooftaan Iyyasuus Kiristoos Kabajaan
mul’atee hundumtu Osoo hunduu ilaaluu ifaan murteessa.

Har’a Murtiin yeroo Murtii jiru Kan yeroo ta’uu olitti dhuunfawaa dha.Namicha
murticha fudhatuu fi Waaqayyoon alatti gidduutti kan ilaalu kan biraan hin
jiru Guyyaa dhumaa sana garuu tokkoon tokkoon namaa adabaabaayitti
hundumaa sanaan booda Gooftaan Iyyasuus Kiristoos Kabajaan mul’atee
hundumtuu osoo hunduu ilaaluu ifaan murteessa.

Har’a murtiin yeroo murtii jiru kan yeroo ta’uu nolitti dhumfawaa dha
Namicha murticha fudhatuu fi Waaqayyoon alatti gadduutti kan ilaalu kan
biraan hin jiru. Guyyaa dhumaa sana garuu tokkoon tokkoon namaa
adabaabaayitti hundumaa duratti itti teeffama ,kunis kan ta’u inni tokko isa
biro hamam akka miidhe akka baruufi dha (mul’a 20:12)

Dhufaatii Kiristoos isa lammaffaatti hojii fayyisuu duraan addunyaa kanaan


eegale kabajni mana Kiristaanaas guutuun raawwatama sababiin isaa har’a
amantaa fi hojii gaariin ijaaraman turan qajeetonni yeroo dhufaatii Isaa
lammaffaatti isin ijoolleen Abbaa Koo osoo addunyaan hin Uumamiin kan
isiniif qophaa’e mootummaa samii akka dhaaltaniif koottaa jedhamanii gara
gammachuu bara baraatti deemu;achittis yeroo hunduma Waaqayyoon
galoleffachaa jiraatu itaata’u malee kabajni isaanii akkuma hojii isaaniitti adda
adda dha (1Qoro 15:40-41.Har’a warri sagalee Waaqayyoo dhaga’anii hojii
gaarii warra dhiiseen immoo isin warri abaaramoon anairraa adda ba’aatii kan
abaaramtan gara abdda bara baraatti murtiin isaanitti murtaa’eejireenya
adabbii wal-irraa hin cinne jiraatu (Maate. 25:31-46,Ho.du’bu 17:31, Roome.
2:3-17).

Gargaarsi Waaqayyoo araarsummaam giiftii maariyaamii kadhannaa


qulqullootaa hunda keenyaa wajjin haata’u. Ameen!

34

You might also like