You are on page 1of 15

ERGAA GARA WARRA ROOMAA

1
SEENSA:

 Barreessaan Phaawuloosii dha. Inni ergamoota 12 keessa hin turre. Ergamaa kan

inni ta’e Kiristoosiin ture HoE 9:3-9, 22:6-11, 26:12-18. Phaawuloos adeemsa

wangeelaa sadi taasisee ture. Adeemsota kanneeniinis Efesoon, Filiphiisiyuus,

Teselonqee fi Qorontoos ga’uudhaan waldaa dhaabee ture. Akkasumas waldoota

ofiif hin dhaabin kanneen akka waldaa biyya Roomaatii fi Qolosaayisiif xalayaa

ergee ture. Akkasumas Ximootewoos,Tiitoo fi Filemoonaadhaaf xaalayaa dhuunfaa

barreesseera. Xaalayoonni kunniin baay’inaan osoo wangeelonni afran hin barraa’in

dura ergaman. Ergaan gara warra Roomaa kunis kan barraa’e bara 55 DK.K.B ture.

Bakki inni taa’ee barreesses magaalaa Giriik kan taate Qorontoos keessa taa’eeti.

Yeroo sanatti biyyoonni nannawa galaana Meediteraaniyaanii jiran bittaa Roomaa

jala turan. Magaalaan Roomaa magaalaa guddoo Xaaliyaan kan yeroo sanaatii fi

yeroo ammaati. Kaayyoon ergaa kanaas kakuu haaraa keessatti ergaa wangeela

Kiristoos isaan biraan ga’uuf ture.

QABIYYEE ERGAA KANAA:

A. Seensa (1:1-17)

a) Nagaa gaafachuu (1:1-7)

b) Kadhata Galataa (1:8-15)

c) Human Wangeelaa (1:16-17)

B. Qajeelfamoota Wangeelaa (1:18-5:21)

a) Qajeelummaa warra hin amannee (1:18-32)

b) Qajeelummaa Yihudootaa (2:1-3:20)

2
c) Qajeelummaa Waaqayyoo (3:21-31)

d) Qajeelummaa Abrihaam (4:1-25)

e) Qajeelummaa amantootaa (5:1-21)

C. Rakkoolee naamusaa sababii wangeelaatiif ka’an (6:1-23)

a) Fedhii fooniitiin hin qajeelfaminaa (6:1-14)

b) Seera malee hin jiraatinaa (6:15-23)

D. Kiristiyaanummaa fi seera (7:1-8:39)

a) Faayidaan seeraa jireenya asii qofaaf (7:1-6)

b) Seeraa fi cubbuu (7:7-25)

c) Seera cubbuutii fi du’aa jalaa Hafuuraan bilisa ba’uu (8:1-39)

E. Rakkoo fedhii fi mirgi yihudootaa fide (9:1-11:36)

a) Guutummaa angoo Waaqayyoo (9:1-29)

b) Itti gaafatamummaa Yihudoonni seera keessatti qaban (9:30-10:21)

c) Kaayyoo Waaqayyoo isa araaraan guutame (11:1-36)

F. Kiristiyaanummaa gochaan (12:1-15:13)

a) Amaloota dhuunfaa (12:1-21)

b) Amaloota siyaasaa (13:1-7)

c) Amaloota dhuunfaa dabalataan (13:8-14)

d) Jajjabootaa fi dadhaboota (14:1-15:13)

G. Gudunfaa (15:14-16:27)

a) Saba ergaan kun barraa’eef (15:14-21)

b) Karooraawwan adeemsa gara fuulduraa (15:22-23)

c) Gorsaa fi nagaa xumuraa (16:1-27)

3
BOQONNAA 1

 1:1-7: Nagaa Gaafachuu: ergamaa jechuun angoo tajaajilaa kan kakuu haaraa

warroota wangeela lallabanii fi waldaa dhaabaniif kennamu yoo ta’u, angoo kanas

Kiristoosirraa akka fudhate dubbata. Kunis ergamoota 12 keessa waan hin jirreef

fudhata akka argatuuf ture. Sabani isaas yeroo sanatti angoon nama tajaajiluu tokko

fudhata isaatiif iddoo ol aanaa waan qabuuf. Sababni inni ergamaa ta’eefis warren

yihudoota hin ta’in gara Waaqayyootti fiduuf akka ta’es ni dubbata. Kana erga

ibseen booda nagaa isaa isaaniif dhiheessa. Kanas “…warra Waaqayyo jaallatee isaaf

akka qulqullooftaniif isin waame” jedhee isaan ibsa. Kunis ibsa Kiristiyaanotaa isa

sirriidha.

 1:8-15: Hawwii Phaawuloos Roomaa Ilaaluuf Qabu: namoonni baay’ee

biyya gara garaarraa yeroo baay’ee gara roomaatti waan deemaniif “… amantiin

keessan guutummaa biyya lafaatti waan beekameef” jechuun isaa sirrii ture.

Ari’atama isaan irra ga’e hundumaas cimanii dhaabbachuu isaaniitiif Waaqayyoon

ni galateeffata. Akkuma warri Roomaa Phaawuloos biratti gatii guddaa qabanii fi

isaanii Waaqayyoo galateeffatu, nuutis obboloota keenya hafuuraatiif iddoo guddaa

qabaachuu fi isaaniif kadhachuutu nurraa eeggama. “ Gatiitu narra jira “ akkuma

inni jedhe, nurras bifaan, sanyiidhaan, teessuma lafaatiin, afaaniin utuu adda hin

basin wangeelaan ga’uun nurra jiraata. Garaagarummaa tokko malee wangeelli

dhala namaa hundaaf barbaachisa Gal 3:28.

 1:16-17: Humna Wangeelaa: wangeelli Macaafa Qulqulluu keessatti argama.

Macaafni Qulqulluun sagalee dhugaati. Dhugaa fi humnas of keessaa qaba.kanaaaf

4
wangeela dhaga’uun jireenya fida. Wangeelichis hojiin dinqisiisaan karaa

ilmasaatiin mul’ateera jedha. Phaawuloosii fi namoonni Roomaa keessa jiranille itti

hin qaana’an turan. Nuuti hoo?

 1:18-32: Yakka Sanyii Namaa: qajeelummaan Waaqayyoo karaa wangeela

Kiristoos mul’ateera. Cubbuun jalqabaatii fi inni guddaan Waaqayyoo malee

jiraachuu yoo ta’u kunis Waaqayyootti amanuu diduudha. Akkuma 1Qor 1:18-21

irratti “ waa’ee fannifamuu Kiristoos dubbachuun warra karaa badiisaa jiraniif

gowwummaadha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni human
Waaqayyooti” jedhutti, warra Waaqayyoo hin qabne kajeellaa garaa isaaniittis

dabarsee akka kenne dubbata. Kutaa kana keessatti si’a sadi (24,26 fi 28 irratti)

dubbata. Lakkofsa 26-27 irrattis jireenya sodoomaawummaatti dabarfamanii

kennamuu isaanii dubbata.

BOQONNAA 2

 2:1-16: Waaqayyoo Namoota Hundumaaf Firdii Kennuu Isaa: kutaa kana

irratti namatti akka hin faranneef, nama hundaaf of eeggannoo kenna.

Keessumattuu yihudoota saba isatiif, kunis ofii isaanii warra kaan caalaa qulqulloota

akka ta’anitti waan of laakka’aniif, akkasumas namoota kaan ofii gaditti waan

ilaalaniif. Firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan garuu namoota akkasii kanarratti ni

dhufa.

 2:17-29: Seera Qabaachuu Duwwaan Kan Hin Geenye Ta’uusaa: seeraan

namnin Waaqayyootti dhi’aachuu akka hin danda’in gaaffilee garaa garaatiin isaan

hubachiisuuf yaala.

5
BOQONNAA 3

 3:1-8: Qajeelina Waaqayyoo Fi Ja’ina Namootaa: Asirratti Phaawuloos gama

yihudootaa ta’ee dubbata. Asittis gaafillee gara garaa kaasa. Faayidaan yihudii ta’uus

“sagaleen abdii Yihudootatti kennamuu isaati” jedha. Kanas kan godheef yaada

Phaawuloos dubbachaa tureen akka of hin tuffanneef ture. Amanamuu dhabuun

yihudoota qajeelummaa Waaqayyoo mul’ise erga ta’ee, amanachuun isaaniis

caalaatti akka mul’isu dubbata. Namoonni tokkoo tokko garuu cubbuu baay’ee yoo

hojjanne araarri Waaqayyoos ni baay’ata jechaa, yaada barsiisa Phaawuloos irraa

hin ta’in odeessaa turan. Kunis soba ta’uusaa isaaniif ibsa.

 3:9-20: Namni Qajeelaan Tokko Ille Hin Jiru: kanas yihudootaa fi warra

yihudoota hin taane gidduu garaagarummaan akka hin jirre argisiisuuf dubbate.

Kana qofas osoo hin taane nuu fi saboota saboota olla keenyaa gidduu garaa

garummaan akka hin jirree fi dhala namaa hundumaaf ilaalcha gaarii akka

qabaannu, jaalalaan nu barsiisa.

 3:21-31: Akka Itti Waaqayyo Qajeelaa Nama Godhu: kunis seeraan osoo

hin taane amantiidhaan argama. Qajeelummaa jechuunis Waaqayyoo biratti

fudhatama argachuu yookiin mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf ulaagaa

barbaachisu guutuu jechuu dha.

6
BOQONNAA 4

 4:1-12: Abrihaam Amantiidhaan Qajeelaa Ta’uu Isaa: “ Abrihaam

Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti laakka’ameef” jedha. Kunis haala

laaluudhaan, of laaluudhaanis osoo hin taane Waaqayyo isa hunduma danda’utti

amanachuu isaatiin argame.

 4:13-25: Abdiin Waaqayyoo Karaa Amantii Raawwatamuu Isaa: abdii

Abrihaamiif kenname addunyaa hundaaf kan inni ta’u seera eeguudhaan osoo hin

taane amantiidhaan ta’a. kanaanis abdiin Waaqayyo Abrihaamiif gale ni

raawwatama.

BOQONNAA 5

 5:1-5: Waaqayyo Duratti Qajeelaa Ta’uu: amantiidhaan qajeelota ta’uu

keenyaan Waaqayyoo wajjiin nagaa qabna. Kunis isa wajjiin araaramuu keenyaan

dhufa. Akkasumas gammachuu qabna. Amantiidhaanis dhaaltota isaa taaneerra.

“Nuyi amma illee of dadhaboo taanee jirruu yeroon yaadame yommuu ga’etti

Kiristoos warra akkuma keenya Waaqayyoo irraa fagaatan hundumaaf du’e. Tarii
namni nama waan gaarii godhe tokkoof du’uuf fedha qaba ta’a malee…”
Dadhaboota jechuun isaa, diduudhaafis seerichaaf bitamuudhaafis human kan hin

qabne jechuudha. Kanaaf yeroo Waaqayyo diina kee jaaladhu jedhu dinqisiifachuun

nurra hin jiraatu.

 5:12-21: Duuni Addaamiin Jireeny Immoo Kiristoosiin Dhufuu Isaa:

Duuni gara ilmaan namaa hundumaa dhufee ture. Muusee fi Abrihaam gidduu

7
waaggaa 400 tu jira. Seerri garuu muuseef kenname. Seerri cubbuun maal akak ta’e

namatti hima. Seera irraan darbuun cubbuudha. Namnoota seera qaban seeratu itti

farada. Seera dura kanneen jiran seera Waaqayyo laphee isaaniirra kaa’e dhaga’uu

yoo baatan du’atu isaaniif qophaa’eera. Kunis ilma namaa kan ta’e hundi karaa

Addaam waan du’uuf. Nuuf garuu jireenyi argameera innis karaa Yesuus

Kiristoosiitiin mul’ate.

BOQONNAA 6

 6:1-14: Cubbuu Jalaa Du’anii Kiristoos Jala Jiraachuu: Nuuti cubbuudhaaf

duuneerra. Jireenya keenya isa kana booda jiru Kiristoosiif malee cubbuudhaaf hin

jiraannu.

 6:15-23: Garbummaa Cubbuu Jalaa Ba’anii Hojjetaa Qajeelinaa Ta’uu:

Namni cubbuu hojjetu garbicha cubbuu ti. Namni Waaqayyoof ajajamu

qajeelummaa waan godhuuf garbicha qajeelummaa ti. Kunis guutumatti angoo

Waaqayyoo jala ta’uu jechuu dha. Bu’aan isaas:

 Gara qulqullumaatti nu qajeelcha: qulqullummaa malee Waaqayyoo arguun

hin danda’amu.

 Gara jireenya barabaraatti nu geessa.

BOQONNAA 7

 7:1-6: Seeraa Fi Fakkeenya Gaa’elaa: Fakkeenyi isirratti kenname waggaa

1500 dura yihudootaaf karaa Muusee kennamee ture. Namoonni barreesseef kunis

baay’een isaanii yihudoota turan. Sababnis “ isin warra seera hubattanitti nan

8
dubbadha” yeroo jedhu yihudoota ta’uu argisiisa. Seera akka abbaa manaatti,

yihudootas akka haadha manaatti fudhatee isaan barsiisa. Hanga abbaan manaa sun

jirutti haati manaa isatti hidhamtee akka inni jiru, erga inni du’ee booda hiikamtee

akka jirtu isaanis beeku. Kanaafis yihudoonni seera jalaa ba’anii gara ayyaana karaa

Kiristoos argamuuttu akka dhufuu qabanii fi kunis yakkaa akka hin taane dubbata.

 7:7-13: Hojii Seeraa: cubbuun maal akka ta’e kan beeksisu seera dha. Du’a kan

fide garuu seera osoo hin taane cubbuu dha. Seerri qulqulluu, qajeelaa fi gaarii akka

ta’e dubbata.

 7:14-25: Wal’aansoo Nama Keessaa: falmii kun osoo hin amanin ta’ee erga

amannes jiraachuu danda’a. Garuu erga Kiristoositti amannee eenyummaa keenya

isa moofaa waan fannisnuuf garbicha cubbuu ta’uu hin dandeenyu. “ cubbuu isa na

keessa jirutu na hijjachiisa…” kan inni jedhu miira cubbuu keessa namaa jiru

jechuudha. “ana nama gadadamaa, foon isa gara du’aatti na geessu kana harkaa

eenyutu na baasa? Karaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos…” furmaanni isaas

ibsamee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. fannoo Kiristoos jalatti baqannee fedhii

isaa hamaa sana fannisuu dha.

BOQONNAA 8

 8:1-17: Hafuura Waaqayyoon Gaggeeffamanii Jiraachuu: seerri

yihudootaaf kenname firdii qaba. Firdichis du’adha. Kana jalaas kan nu baasu

“eegaa amma firdiin warra Kiristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu hin

jiru” isa jedhuu dha. Qajeelummaan nuuf lakkaa’amus kan keenya osoo hin taane

9
kan Kiristoosii ti. Sababni isaas inni osoo cubbuu tokkolle hin qabaatin fannoorratti

du’uudhaan nuuf jedhee cubbamaa waan ta’eef.

 8:18-29: Ulfina Isa Mul’achuuf Jiru: namni akka Phaawuloosiitti rakkinni irra

ga’e muraasa dha 2Qor 6:4-10, 11:23-28. Garuu garuu yeroo ulfina isa dhufuuf

jiru saniin wal bira qabamu inni kun homaa miti. Kanaaf nuutis ulfina sana of

duratti ilaallee obsaa Waaqayyoo eeggachuu, tajaajiluu fi isaaf abboomamuutu

nurraa eegama. Uumamni hundinuu mul’achuu keenya eegaa jira. Nuuti garuu

abdii keenya sana bira ammayyuu hin geenye. Lafarra hamma jiruutti foon keenya

kanaan rakkina baay’ee argina. Kanaafis Waaqayyoo kannaa nuuf kenne qaba.

Innis:

i. Hafuura Qulqulluu: akka nuuf kadhatuuf

ii. Yesuus Kiristoos: akka nuuf kadhatuuf

 8:30-39: Waaqayyo Kiristoosiin Guddaa Nu Jaalachuu Isaa: Waaqayyo

wajjiin jiraannaan wanti nuun mormu hin jiru. Jireenya qajeellummaa keessatti

jaalala, gammachuu, dhiifama, fayyina, dhaala waaqarraa, kennaa hunda caalu

Ilmasaatu nuuf kennama. Akkasumas ilmasaa wajjiin kennaawwan xixiqqoo ta’nis

itti nuuf dabalamu. Kanaaf nuutis jireenya keenya keessatti wanta Waaqayyoodhaan

olitti jaalannu qabaachuu hin qabnu. Kanas jireenya keenya keessa ilaallee

mirkaneeffachuu qabna. Kutaan kun kutaa namoonni ittiin jajjabaatanii dha.

10
BOQONNAA 9

 9:1-5: Waa’ee Saba Waaqayyoof Foo’amee: israa’eloonni saba Waaqayyoof

foo’ame ta’us, kennaa Waaqayyo karaa Kiristoos isaaniif kenne beekuu dhabuu

isaaniitiin Phaawuloos gadda isaa dubbata. Haata’uu malee waadaan Waaqayyoo

waan hin diigamneef eebbi Abrihaam warra Kiristoositti amanan hundumaaf karaa

amantii ta’eera.

 9:19-29: Dheekamsaa Fi Araara Waaqayyoo: meeshaan suphee tokko nama

isa dha’uun maaliif akkas na goota akka hin jenne, inni kaan meeshaa ulfinaatiif,

kaan meeshaa salphinaatiif hojjata. Akkamille taanaan Waaqayyo hojii isaatiin hin

komatamu Waaqayyo yeroo hunda sirriidha.

BOQONNAA 10

 10:1-4: Yihudoonni Karaa Malee Qajeelummaa Barbaaduu Isaanii:

Kiristoos xumura seeraati. Kanaafis erga Kiristoos dhufe booda gara Waaqayyootti

dhi’aachuudhaaf seera hordofuun bara kakuu haaraatti sirrii miti. Inni karaa sirrii

gara Waaqayyootti geessuu dha Yoh 14:6.

 10:5-21: Fayyini Nama Hundumaaf Ta’uu Isaa: Kiristoos karaa fayyina

keenyaa ti. Isa barbaaduudhaafis namoonni akka ol hin bane inni gad bu’eera. Gara

si’ooliittis akka hin buuneef inni du’aa ka’eera. Kanaaf fayyina argachuudhaaf

“Yesuus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yo beeksifte, Waaqayyo du’aa akka isa

kaase garaa keetti yo amante fayyina barabaraa in argatta”.

11
BOQONNAA 11

 11:1-12: Araara Waaqayyoo Saba Israa’el Irratti: Fakkeenya yeroo Eliyaas

turee fudhachuudhaan harra Israa’eloota keessaa namoonni amanan akka jiranii fi

abdiin akka jiru dubbata.

 11:13-24: Fayyina Warra Saba Waaqayyoo Hin Ta’inii: Yihudoonnis abdii

fayyinaa akka qabanii fi warri yihudoota hin taanes akka ol of hin qabne dubbata.

 11:25-36: Araarri Waaqayyoo Hundumaaf Ta’uu Isaa: Fayyini Waaqayyoo

nama hundumaaf akka inni ta’e dubbata. Israa’eloonnis abdii akka qaban macaafa

raajicha Isaayaas irraa dubbata. Isa 59:20.

BOQONNAA 12

 12:1-8: Waaqayyoodhaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: hojii kiristiyaanotaa

keessaa inni guddaan namummaa ofii aarsaa godhanii Waaqayyoof dhi’eessuu dha.

Namummaan keenya kuni isa moofaa osoo hin taane isa haaraa ta’uu qaba. Hamma

amantii Waaqayyo nuuf kenneettis jiraannee, kennaalee hafuura adda adda

kanneen nuuf kennamaniin Waaqayyo tajaajiluu qabna.

 12:9-21: Namootaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: kunis kanneen armaan

gadii ta’uu danda’a:

 Jaalala qabaachuu

 Waan dhimma baasuuf dhibaa’uu dhabuu

 Waan hamaa jibbanii waan gaarii faana bu’uu

 Wal gargaaruu

12
 Keessummaa wal fudhachuu

 Warra gammadan waliin gammaduu

 Warra gaddan walii gadduu

 Warra jireenya gad bu’aa keessa jiran waliin ta’uudhaaf eeyyamuu

 Hamaa gaariidhaan deebisuu

 Haloo ba’uu dhabuu

BOQONNAA 13

 13:1-7: Waan Warra Aboo Qabaniif Gochuun Ta’u: Angoon hundi

Waaqayyoo biraa waan dhufuuf warra isin irratti aboo qabaniif abboomamaa. Fak

8:15-16, Yoh 19:10-11. Isaaniif abboomamuu diduun Waaqayyoof abboomamuu

diduu dha. Isaan warra Waaqayyo nama hamaa hojjatan ittiin adabuudhaaf

kaa’atee dha. Gaaffiin guddaan asitti ka’u, “ yoo isaan waan hamaa Waaqayyoof hin

taane hojjatan ta’e hoo?” kan jedhuu dha. Deebiin isaas abboomamuu hin qabnu

kan jedhuu dha. Isaaniif osoo hin taane yaada Waaqayyootiif abboomamuu qabna.

HoE 4:18-20, HoE 5:29.

 13:8-10: Waan Waliif Gochuun Ta’u: jaalalli gudunfaa seeraa waan ta’ee

jaalala yoo ta’e malee gatii walirraa qabaachuu akka hin qabne dubbata. Kana

jechuun walirraa hin liqeeffatinaa jechuu miti. Nama liqeeffatuus liqeessaa waan

jedhamneef liqeeffachuun cubbuu hin ta’u. Garuu yoo liqeeffanne dafnee deebisuu

qabna. Gatiin nurra jiraachuu qabu kan jaalalaa qofa ta’uu qaba. Nama biro

akkuma mataa keenya jaalannu jaalachuu qabna. Akkasumas guyyichi waan

dhi’aateef hirribaa dammaquu (Hirriiba Hafuuraa) akka qabnu dubbata. Gooftaan

13
keenya akkuma hattuu, halkaniin tasa dhufa. Guyyaa dhufatii isaan Abbaa malee kan

beeku hin jiru

BOQONNAA 14

 14:1-12: Yaada Waliitti Dafanii Akka Hin Faranne: eroo baay’ee namoonni

amantiitti jajjaboo ta’an kanneen dadhaboo ta’anitti dafanii faradu. Kun garuu

Kiristoosiin baay’ee gaddisiisa. Sababi kanaafis karaa walitti argisiisuu malee

dadhabina hafuuraatiif nama kamittuu faraduu akka hin qabnee fi Waaqayyo isaa

jabeessuu akka danda’u beekuu qabna.

 14:13-23: Amantoota Karaa Waaqayyoo Irraa Akka Hin Gufachiifne:

keessumattu seera nyaataatiin gufuu walitti ta’uu akka hin qabne dubbata. Wanta

gara keessaatti seenu osoo hin taane keessa namaatii ba’utu nama xureessa. Sababni

isaas keessi namaa yaada hamaadhaan gutamee jira.

BOQONNAA 15

 15:1-6: Warra Kaan Gammachiisuus Of Gammachiisuu Dura Bu’uu

Akka Qabu: namoonni amantiitti ciccimoo ta’an warren dadhaboo ta’amn

baachuu qabu malee ofii isaanii qofa gammachiisuudhaaf jiraachuu hin qaban.

 15:7-13: Wangeelli Warra Yihudoota Hin Ta’iniifis Kennamuu Isaa: kun

yihudoonni warra yihudoota hin taane akka simataniif, garaa garummaa tokko

malee waliin akka waaqeffata dubbata.

14
 15:14-21: Sababii Akkasitti Caafeef Mul’isuu Isaa: hafuurri qulqulluu isa

wajjiin ta’ee hojii guddaa warra yihudoota hin taane gidduutti waan hojjateef.

 15:22-33: Akeeka Roomaa Dhaquu Isaatii Mul’isuu Isaa: Yeroo gargaarsa

fuudhee warra Iyerusaalem jiraniif geessu achumaan isaan argee yaada isaatti akka

boqotuuf ture.

BOQONNAA 16

 16:1-16: Amantoota Tokko Tokkoof Nagaa Erguu Isaa: warren beekuuf,

hidhata tajaajilaa warren waliif qabuuf, galata namoota qabuufii fi namoota

hundumaaf dhiheessa.

 16:17-24: Gara Dhumaatti Gorsa Kennuu Isaa: namoota gargar ba’uu

fidaanii fi daandii keessanirra gufuu kaa’an irraa fagaadhaa, waan gaarii gochuuf

ogeessota ta’aa jedhee isaan gorsa. Xaalayaa kana kan barreesseef nama Xerxiwos

jedhamu ture. Innis nagaa isaaf dhaama.

 16:25-27: Waaqayyoon Galateeffachuun Dubbii Isaa Dhaabuu Isaa:

Dhoksaa Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos ifatti ba’uu isaatiif Waaqayyoo

galateeffatee xumura.

15

You might also like