You are on page 1of 10

1

Kadhata torbanii PTM nuusa sadaffaa

bara2009

Dilbata
1. Akka Raajii kitaaba Qulqulluutti bineensi maalitti fakkeeffama? Dan 7:17,23
2. Mul. 13:1-10 Mootummaan Qeerransatti fakkeeffame isa kamiidha?

Mootummaan kun Waaqayyoon kan arrabsuu fi qulqullota kan ariyatuudha.


‘’Mul.13:1-10 bineensi bira tokko kan mul’ate ta’uusaa yoo ibsu bineensichis
‘’qeerransa kan fakkaatu” isaafis Jawwichi humnasaa, teessoosaa, aboosaa guddaas”
akka kenneef dubbate. Pirotestaantonni baay’een akka amananuutti fakkeenyi kun
teessoo fi aboo yeroo tokko Mootummaan Roomaa qabatee ture kan bakka bu’e sirna
phaaphaasichaa ti. Raajii Daani’el boqonnaa 7 keessatti kan ibsame gaanfa xiqqaa
sana kan fakkaatu mullanni kun haala wal-nama hingaafachiifneen sirna
phaaphaasichaa kan agarsiisuudha.” GC 439.1 Amari. 379.1

3. Mul. 13:3 fi 10 irratti phaaphaasichi akka booji’amuu fi madaan du’aa akka isa
mudatu dubbata. Eertuu kana bubachuuf waraabbii kanatti aanu dubbisaa:
“Ji’oota afurtamii lamaaf aboon kennameefii ture. Raajichi akkas jechuun itti
fufa,’’ mataansaa tokkos du’aaf akka gorra’ametti arge” Namni nama booji’u in
booji’iama; namni billaadhaan nama ajjeeses billaadhaan du’uun inta’aaf.”
Ji’oota afurtamii lamaan jedhaman Daani’eel 7 keessatti kan eeraman
Waggoota sadiifi walakkaa ykn guyyoota 1260 yoota’uu yeroo humni
phaaphaasii saba Waaqayyoo cunqurse ture. Wayitii kun boqonnaalee duraa
keessatti akkuma ibsame olaantummaa sirna phaaphaasii bara 538-1798tti kan
xumurameedha. Yeroo sana phaaphaasichi loltuu Faransaayiin booji’amee ture.
Aboon phaaphaasichaas guddaa rukutamee madaa’e.yommuu akkas ta’us
raajichi raawwatame. “Namni mana adabaatti nama galchu mana adabaatti
gala.” Wallaansoo guddicha (GC 439.2)
4. Abdii jabinaa fi guddinaa kennuudhaan xiyyeeffannoo Addunyaa harkisuudhaan
bara 1798 gara abootti kan dhufe bineensi hoolaa fakkaatu isa kami?

1
2

“Abdii, jabinaafi guddinaa kennuudhaan xiyyeeffannoo Addunyaa


harkisuudhaan bara 1798 gara abootti kan guddate sabni addunyaa haaraa
kamiidha? Dhgummaan fakkeenyichaa kan wal-nama gaafachiisu miti. Madaallii
raajii kan guutu saba biyya tokkoo qofa. Raajichi Haala nama hin
dogoggorsineen Gamtaa Mootummooota Amerikaa (USA) agarsiisa. Bineensichi
lafaa utuu ba’uu kan jedhau akka biqilaa guddachuu ykkn biqiluu jechuu
agarsiisa. Akkuma ilaalle iyyuu sabni biyya sanaa daangaa (naannoo) takkaa hin
qubatamnee ka’uu qaba…. W.G {GC 440.2}
5. Mul. 13:11 irratti Mootummaan Amerikaa akka Jawwee dubbata jechuunsaa maal
jechuudha? Isa. 14:12-14 Mat. 4:8, 9 Mul. 12:17
Mootummaan Amerikaa yammuu dubbattu maal jetti? Mul 13:15

“Fakkeenyi gaanfa akka hoolaa kan qabuufi akka jawwee dubbachuusaa kan
dhiyaate biyyi kanatti fakkeeffamte kan keessa jirtu maqaa amantii fi hojii
gidduu walmormiin mullataan jiraachuusaa agarsiisa. “Dubbachuun” biyyattii
Qondaaltonni seera baasanii fi abbootiin seeraa kan godhan agarsiisa. “Akka
jawwee dubbate,abboo bineensicha duraa hunda isa duraatti godha” raajiin
jedhu mul’isee kan dubbatu Jawwichaan bineensa qeerransa fakkaatuun
ormoonni (hawaamni) kan dhugoomsan hafuura waldadda’uu dhabuufi
ariyannaati. Bineensi gaanfa lama qabu “Lafas warra isarra jiraatanuus
bineensicha duraatii akka sagadanuu godha” kan jedhu aboon mootummaattii
kanaa raawwiirra ooluunsaa sirna phaaphaasichaaf kabaja inni qabu
jabeessuudhaan ta’uusaa agarsiisa.”{ GC 442.1}
6. Labsiin seera Dilbata Biyyoolessaa altakkaa hojiirra yommuu oolu saba Waaqayyoo
amanamoo irratti maaltu ta’a?

“Raayyaan lamaanuu gargar ba’anii dhaabbatu; gareen baay’een kan dhugichi


amansiise gara saba abboommii Waaqayyoo eeganii dhufuu akka danda’aniif
jecha garaagarummaan kun ifatti ni mul’ata. Walitti bu’insi dhumaa utuu hin
xumuramin dura hojiin guddaan kun lola keessatti yommuu raawwatamu
baayon ni ni hidhamu; baay’onnis lubbuusaanii oolfachuuf magaalota
gurguddoorraa gara magaaloota xixiqqootti baqatu; dhugaaf falmuuf jechas
baayyonni ni wareegamu. Isaan soba gowwomsa fi himata sobaa isaanirratti
2
3

ka’etti bu’uuf mootota, bulchitootaa fi manneen murtii duratti nidhiyaatu.


Garuu, qaljeeltoo dhugaatiif akka kattaa jabaatanii dhaabbachuu qabu. Abdichis
akkas jedha hoo, “Akka guyyaakee akkanuma humnikee.” (Keess. Deb. 33:25)
Qormaata baachuu dandeessaniin olitti hin qoramtan. Yesuus kaaneen hundaa
fi isaan olittillee baateera. Abboomota Waaqayyo ibse hunda abboomamuu
qabna. Waaqayyos hojjetaa turehoo.” Luq. 21:8-19(1888 M 484)

Wixata
7. Yesuus Raajii kamiin dubbatee ture? Yoha. 16:1-6

Akka taatewwan bara dhumaatti wareegamummaan kan hinjirre yeroo

muramaan kami?

“Iji Waaqayyoo baroota keessa asii gadi ilaaluun abbootiin taayitaa lafaa
gareesaarratti yemmuu hiriiran jeeqama isaan keeessa jiran xiyyeeffatee ilaalaa
ture. Akka booji’amtoota ariyamtootaatti isaan belaan ykn gocha humnaan du’a
isaanirra ga’u sodaatu. Garuu, fuula Isiraa’el dura galaana diimaa inni gargar
hire Waaqayyo aboo humnasaa agarsiisuun isaan baasa. “Isaanis guyyaanan
godhutti horiikoo ni ta’u jedha Waaqayyo Gooftaan Maccaa. Isaanan hilas
namni isa isaa hojjetu ilmas akka hilu.” Mil. 3:17 Dhiigni amanamoota kiristoos
wayitii kana yoo dhangala’e, akka dhiiga wareegamtootaa haamicha
Waaqayyoof firii kennuuf akka sanyii facaafamee hin ta’u.
Amanamummaansaanii warra biroo waa’ee dhugaa amansiisuuf raga hin ta’u.
Sababisaa deebi’u ammma hingeenyetti garaansaanii gabaate haraara waan
hinfudhanneef. yeroo ammaa toloonni galaafatamoo diinotasaanii ta’anii yoo
kufan abboomaa dukkanaatiif mo’icha ta’a. Faarfatichi akkas jedha “Guyyaa
gidiraatti godoosaa keessa nadhokseerahoo suuqa godoosaa keessas na
suuqeerahoo gaara guddaasaaras nadhaabachiiseerahoo.” Far. 27:5 Kiristoos
akkas jedheera, “yaa sabakoo dhaqi; gola keettis gali; balbala keeyis of duubaan
cufadhu liphii ijaatiifis dhokadhu dheekkamsi amma darbutti. Waaqayyo

3
4

iddoosaatii baheerahoo cubbuu warra lafarra jiraatanuu ilaaluudhaaf.”( Isa.


2:6,20-21) {GC 634.1}

“Qulqullootaaf yerichi sodaachisaadhaafi dhukkubbii ulfaataan kan guute ture.


Kanaafis sabni kun Waaqayyo akka isaan oolchuuf halkanii fi guyyaa
imimmaaniin of dhiqu turan. Haallisaan keessa jiran bakkeen yommuu ilaalamu
ulee cubbamootaa jalaa ba’uu kan ittiin danda’an qaawwii tokkollee waan jiru
hinfakkaatu. Yeroo sana cubbamoonni waan injifatan fakkaachuun Waaqni
keessan maaliif harka keenya isin hinoolchin? Maaliif gara samii deemtanii
mataa keessan hinoolchin? Jechuun yoo ittimarsanillee qulqulloonni dubbisaniif
xiyyeeffannoo tokkollee kennuu dhiisuun akka yaaqoobiin Waaqayyoo wajjin
wal’aansoo qabu turan. Ergamoonni firoota kana oolchuuf yoo yaadanillee
garaan Waaqayyoo xooficha dhuguu fi cuuphicha cuuphamuun dirqama waan
ta’eef yeroo yertuu eeguutuu isaaniraa ture. Maqaansaa cubbamootaan
tuffatamaa obsee turuun kan hin taaneef Waaqayyo guddinasaa kan itti
agarsiisuu fi ququlloota yeroon inni itti furu dhiyaatee ture. Inni maqaansanii
kitaaba irratti barreeffamee obsaan warra turan tokkoon irratti barreeffame
obsaan warra turan tokkoon tokkoosaanii ulfina maqaasaaf jecha ni oolcha…
Haaluma walfakkaatuun, dheekkamsa Waaqayyoo isa dhufu duraa amantii
dhaan addunyaa akeekkachiisaa kan turan. Sabni Waaqayyoo akka fayyan
argeen jira Bineensichaaf osoo hin sagadin ykn mallattoosaa osoo hinfudhatiin
jabaatanii dhaabachuusaaniitiin akka jijjiiramaanitti qulqullloota eeggatan
cubbamootni akka balleessaniif Waaqayyo irra hin darbuufi cubbamoonni
qulqullootaan wal’aansoo akka qaban osoo eyyamameefii Waaqayyoorratti
jibba hadha’aa kanneen qaban seexanniifi ergamooniisaa caalaatti akka
ulfeeffaman argeen ture. Garuu, dhugaa isa qulqulloonni gara samii deemu
jedhurratti ga’isaa warri turan hudi Waaqayyo sabasaatiif eeggannoon godhu
ragaa ta’uun surraa ajaa’ibsiisaadhaan kan guute fayyinasaanii ni’argu.” EW
283,284

Cufamuu balbala haraaraa waliigalaa dura du’ii wareegamummaa akka jiru ni


hubatama.

4
5

‘’ Mullanni Zakkaariyaas waa’ee Iyyaasuufi Ergamichaa arge taatee guyyaa


murtii guddicha kana keessatti muuxannoo sabni waaqayyoo qabanii wajjin
humna addaatiin walitti kan firoomeedha.kanaan booda waldattiin haftuun
qormaataafi dhiphina guddaa keessa galti. Abboommota Waaqayyoo kan
eeganiifi amantii Yesuus kan qaban dheekkamsa Jawwichaafi loltootasaatiitu
isaanitti dhufa.’’ {PK 587.2}
“Amanamoota firoota Waaqayyoo nisodaachisu, nibalaaleffatu; mirga seeraa
isaaniis nisarbu.” Warris obboloonnis, firoonnis hiriyoonnis dabarsanii isaan
kennu.”hamma du’aattillee.( Luq. 21:16) {PK 588.1} Maaloo Luqaas 21:12-16
qo’adha.

Kibxata
‘’Qormaatichi gara tokko tokkoo lubbuu kan inni dhufu yeroonsa fagoo miti.
Seerri mallattoo bineensichaa akka fudhannuuf nu dirqisiisu nurratti ni ba’a.
fedhiiwwan lafaaf suuta suuta kan bitamaniifi amaloota addunyaa wajjin kan
waliigalan mataasaanii ceephoof, arrabsoof; hidhaa fi du’aan doorsifamuuf
saaxilamuura humna kanatti harka kennuutu salphataaf. Falmichis abboomota
Waaqayyoo fi abboomota namoota gidduutti. Yeroo kana waldaa keessatti
warqichi xuriisaarra (isa gatii hinqabnerraa) addan baha.” {5T 81.1}

Mallattoo bineensichaa akka fudhataniif seexanniifi bakka bu’oonnisaa


yemmuu namoota doorsisan bara dhumaa kana kan jirruuf yesuus dubbii
jajjabinaa akkamii nuuf kenne? Mat 10:28

Yesuus bartoota (darasoota) kudhalama qaba ture. Tokkorraa kan hafe kudha
tokkoonsaanii du’aan wareegaman. Amallee dhugaa Waaqayyoof jecha
wareegamummaan akka si eegatu beekuun Yesuusiin hordofuun fedhakeetii?

Geeggessitoonni sochii haaromsaa dhibbantaan dhibbantaan sagaltamii sagal


du’a wareegamaa du’an. Dhugaa Waaqayyoof jecha du’i wareegamaa akka si
5
6

eeggatu hubattee ammallee Yesuusiin hordofuu filachuu nibarbaaddaa? Bara


dhumaa kanatti amanamoota fayyan ilaalchisee kitaabni Qulqulluun maal
jedha? Mul 12:11

Roobii
Kan keenyas ta’uu kan qabu dhuga ba’umsi phaawuloos maal ture? Fil. 1:20-24
Waraabbii Hafuura Raajii kanatti aanee jiru dubbisuun yaada keessan kaa’a.
Geggeessaa sochii haaromsa pirotestaantotaa kan ture Luuter kan jedhe
xiyyeeffannooon dubbisaa. “Jiraachuun koo ykn du’uun koo fayyina hundumaaf
waa’ee gumaacha guddaa gochuusaa ani kanan murteessu miti. Baqaafi
ganuurraa kan hafe waan kamiyyuu narraa eeguun nidanda’ama. Baqachuu
hindanda’u; ganuunis raawwatee naaf hin ta’u.” {GC 146.1}

Waraabbii Hafuura Raajii kana xiyyeeffannoon qo’adhaatii yaada keessan


barreessaa.

“Lamaan keessaa tokkoof kan qophaa’e; jechuunis lafa qonnaa keessa


hojjechuuf ykn iddoo aarsaarratti dhiyaachuuf kan qophaa’e barreeffama jedhu
kan qabate lafa qonnaafi bakka aarsaa gidduu kan dhaabbate fakkii jabbii
fakkaatutu jira. Ejjennoon mucaa Waaqayyoo inni dhugaa kanadha. Of ganuun
hojii Waaqayyoof aarsaa ta’uun waammichi dirqamaa yommuu isa ga’u
eessallee deemuudhaaf fedha qabachuudha.”

Waaqayyoon Ulfeessuurraa Kufuu

“Barsiisichi samii nigaafata; “Amantii dogoggora guddaa akkamii qabattanii


sammuu keessan gowwomsaafi ol of qabaa bu’uura dhugaarratti ijaaramaa
waan jirruuf Waaqayyo hojii keenya nifudhata jechaa qabatamaatti garuu,
wantoota baay’ee imaammatoota (qajeelfamoota) addunuyaatiin hojjechaa
yaayiwee irratti cubbuu kan hojjettan? Ajab! Gowwomfamuu guddaadha;
amantii raawwatee dogoggore; sammuu kan qabate altakka namoonni dhugaa
hubatan bifa Waaqeffannaaf hafuuraa fi humna yommuu kennan ija

6
7

godhanneerra, badhaaneerra maaltu nuhafe utuu jedhanii qabata maatti garuu


baay’ee isaanitti hiri’ata.

“Waaqayyo amanamoota uffatasaanii qulqullinaan eeggatan irraa fuulasaa hin


naannessine. Baayyonni sagalee olka’aatiin “nagaa fi gabiidha” utuu jedhannii
badiisi tasaa isaanitti dhufa. Namoonni Qalbii jijjiirrannaa gadi fagoo; garaa gadi
of qabuun gaabbiiin dhugaa Yesuus keessaa yoo hin fudhanne raawwatanii
samii hin galan. Hojiin qulleessuu (calallii) sun gara firoota keenyaa yommuu
dhufu bashannanaa ija godhachuu fi badhaadhuu keenyaan boonnee homaa
tokkollee akka nun barbaachifnee taanee boqochuu hin qabnu. ‘Warqeen
keenya ibiddaan qorameera; uffanni keenyas addunyaadhaan hin xuroofne’
jechuu kan danda’u eenyuudha? Barsiisaan keenya tola keenya kan nu jenne
uffata keenyatti quba qabee asii gadi isaanirraa baasee warra xura’an
qullaasaanii hambiseen arge. Kana boodas akkas naan jedhe; ‘Jirra jechuusaanii
tiin kan xura’anii fi amalasaanii isa bosobbose akkam akka dhoksan arguu hin
dandeessuuyii? Magaalaan amanamtuun akkamitti ejjituu taate? Manni abbaa
koo mana daldalaa ta’eera; iddoo bultii Waaqayyoo kan ture ulfinni irraa
sokkeera! Kanaafis dadhabiin jira jabinnis hir’achaa jira.”

Kamisa
Waamicha Haaromsaa
‘’Waldaan kiristaanaa amma mataashee duubaatti kandeebisu raacitiisheerraa
qalbii jijjiirrattee yoo hindeebine ija hojiisheetii nyaatti. Isa nyaattis amma
offiishee jibbitutti. Hamaa mormitee, gaarii yoo filatte gadi of deebiftee
onneesheerraa Waaqayyoo yoo barbaaddattee fi waamicha guddaa kiristoosiif
deebii yoo laatte waltajjii dhugaa barabaraarra yoo dhaabatee fi amantiidhaan
galma isheedhaaf qophaa’e yoo qabatte ni fayyiti. Ifummaa fi qulqullina
Waaqayyo kenneefiin yommuu mul’attu, wantoota walxaxoo addunyaa kanattii
yommuu adda baatu sirriitti dhugaa akka bilisa ishee baase ni’agarsiifti. Kana
boodas miseensonnishee dhugaatti Waaqayyo kan filate bakka bu’ootasaa ta’u.

7
8

“Yeroo haaromsi jabaa fi gadifagoo geggeeffamuurra geenyeerra. Haaromsi kun


yommuu jalqabu hafuurri kadhannaa amanaa hundumaa sochoosee waldaattii
keessaa amanuu dhabuu fi jeequmsa baasa. Jaalala kiristaanummaa warri hin
jiraanne walitti dhiyaatu. Toora dhugaarraa amanaan hojjetu tokko
miseensonni biroon isaa wajjin waa’ee mul’ina Hafuura Qulqulluu kadhaa
dhiyeessan qajeeelcha waliin dhahammuu hinjraatu. Sababisaa hundumtuu
yaada Haafuurichaan waliigallu waan ta’eef. Waaqayyos tajaajiltootasaa wajjin
ta’a. hundumtuu kadhannaa Kiristoos tajaajiltootasaa barsiise qalbii callisaatiin
kadhatu.” Mootummaan kee haadhufu; jaalalli kee Waaqarratti akka ta’e
akkanuma lafarratti haata’u .’’ Mat 6:10

“Torbanii gara torbaniitti balaawwan suukaneessoo raawwataman hammuman


dhaga’u wantoonni kunniin maal jechuusaanii ti jedheen mataakoo gaafadha.
Badiisa ajaa’ibsiisoo inni tokko isa tokko ariitiidhaan hordofakerkerrii laafaa fi
buubbee jabaan oduu dha’ichi abiddaa fi balaan lolaa lubbuu fi qabeenyaa
barbadeessuusaa irra deddeebinee dhageenya!”

Dha’ichoonni toora hinqabne kun humnoonni to’annaan ala ta’an kan


ariifachiisan haala fakkaatuun ariitiidhaan kan raawwataniidha. Haata’u malee,
kqqyyoo Waaqayyootu irraa dubbifama. Dhiirriifi dubarri miira blaa kanaan
akka dammaqaniif jedhuusaa wantoonni nuhubachiisan isaan kanadha.

“yeroo itti amannerra caalaa dhufaatiin kiristoos dhiyaateera. Wallaansoo


guddichi xumuramuuf dhiyaateera. Murtiin Waaqayyoo dachettiirra jira.
Akeekkachiisa kabajaan akkas jedhanii dubbatu. “Kanaafis isin ammoo kan
qophooftanii ta’a; yeroo isin hin yaadinitti Ilmi Namaa ni dhufahoo.”

“Ganuu baayyonni, waldoota keenya keessaa hiikkaa sirrii dhugaa yerooo kanaa
kan hinbeekne jiru. Dhumni dhufuusaa ifatti kan dhubbatan mallattooleen
baraa raawwachuusaa akka hin callifne isaan kadhadhe. Wayyoo! Fayyina
lubbuusaanii kan hin barbaanne meeqansaaniitu boo’ichi hadha’aan itti
ariifataa; “yeroon haamaa darbe Bonnis dhaqe; nus hin fayyine.”

8
9

‘’Taatewwan seenaa dachee kanaa yeroo raawwatamaa jiru keessa jiraachaa


jirra. Raajiin saffisaan raawwatamaa jira. Yeroo haraaraa ariitiidhaa darbaa jira.
Yeroo balleessinu daqiiqaa tokkolllee hin qabnu. Egdummmaarratti rafnee akka
hin argamne. Eenyullee onneesaatiinis ta’e hojiisaatiin “Gooftaan koo
dhufaatiisaa ni tursa.” akka hin jenne. Ergaan Dafee dhufuun Kiristoos sagalee
akeekkachiisa cimaan haa labsamu. Qalbii jijjiirratanii dheekkamsa dhufu duraa
akka bahaniif dhiirotaa fi dubartoota bakka mara jiran haa amansiifnu. Gara
qophii saffisaatti isaan haa kakaasnu sababisaa waan fuula dura keenya jiru
waan beeknu hin qabnu waan ta’eefi. Hojjetoonni wangeelaa fi amantoonni
gara maasii midhaan bilchaataa jiruu dhaqanii warra dhibaa’ootu maal dhibdiin
jiranitti utuu barbaadanii argachuu danda’anii Gooftaa akka barbaaddatan itti
haa himan. Hojjetoonni kunis bakka hundaattuu dhugaa kitaaba Qulqulluu
irraanfataman labsuudhaan haamichi saanii sassaabbatu. Dhugaa kan
fudhatanii fi jireenya saaniitiinis lubbuuwwan kiristoosiif booji’uudhaaf
hojichaaf kan of kennanis ni argatu.” { 8T 249-253}

Jimata
“Yeroon qormaataa hundumaaf ni dhufa. Qormaataafi calallii (gargar baasuu)
Waaqqyyoo jalatti attamiin of bichisiifna? Ibsaan keenya ni badamoo akkuma
ifetti turfanna laata? Dhugaa fi ayyaana isaatiin guutamnee isaa wajjin wal
hiinee balaa kamiifillee qophoofneerraa? Durboonni abshaalonni shanan
durboota gowwoota shananiif amalasaanii hiruufii hindanda’an. Amalli
dhuunfaa keenyatti ijaaramuu qaba.” { RH Onko.17,1895}

“Wantoota bu’aa hinqabnerra turuuf yeroo hinqabnu. Addunyaa baddu kanaaf


ergaa haraaraa xumuraa dhageessisuuf yeroo keenya kennuu qabna. Hafuura
Waaqayyoo isa kakaasu jalatti namoota socho’antu barbaadama. Lallabdoonni
tajaajiltoota keenya tokko tokkoon dhiyaatan kan kanaan duraa caalaa humna
qabaachuu qabu. Kanaachis booda kan deebi’an kan nama hin harkifne, ijoo
kan hin qabne gab godhee namoota gara irribaatti kan dachaasu lallaba godhu.
Mata dureen tokko tokkoosaa murtiilee ajaa’ibsiisoo dafanii addunyaarratti
bu’uuf jedhan haala miira namaa tuquun dhiyaachuu qabu.

9
10

Ergaan dhugaa barbadaa gubaa (jiraata) bakka aarsaa Waaqayyootiin hidhiin


tuqamaniin dubbatamu qaba.

“Ergaa du’aafi jireenyaa dhiyeessinu kan qaban tajaajiltoonni keenya tokko tokko
ergaa adoodaa yommuu dhiyeessan Onneen koo nadhiphata. Tajaajiltoonni rafaniiru;
amantoonnis rafanii jiru; addunyaan cubbuusheetiin badaa jirti. Sabichi akka
dhiirotaafi dubartootaa dangaa addunyaa bara baraarra deemanii fi hojjetaniifis akka
dammaquuf Waaqayyo isaan haa gargaaru. Dhiphinni ajaa’ibsiifamaan namoota
lafarra jiraatanitti dafee dhufaa jira. Akka tasaa, humnaa fi ulfina guddaan kiristoos ni
dhufa. Yeros Isa simaachuuf qophaa’uuf yeroon hin jiraatu. Ergaa akeekkachiisaa
kennuuf yeroonsaa ammumadha.” { 8T 36}

Waaqayyoo hubannaa nuf haa kennu!!!

10

You might also like