You are on page 1of 15

Boqonnaa 2

Kiristaana ta’uukee mirkaneeeffadhu


Kaayyoo boqonnichaa

 Kiristaana ta’uun akkamitti akka danda’amu


hubachiisuu fi mucaa waaqayyoo ta’uukee
mirkaneeffachuu akkamitti akka dandeessu si
agarsiisuudha.
Galma
1. Kiristoosiin akkamitti gara jireenya keetti
simachuu akkati dandeessu hubannaa si
qabsiisa
2. Amanaan tokko hariiroo inni waaqayyoo wajjin
qabu kan mirkaneessu sababiiwwan lamaan
3. Kiristiisiin gara jireenya keetti yommuu simattu
wantoota 4 jireenya keessatti raawataman
tarreessa.
 Kiristaanummaan maqaa wareegamaa, maqaa
jaalalaa kan kiristoos irraa lateedha.

 Jijjiiramni maqaa kiristaanummaa hhin


mirkaneessu

 Kiristaana ta’uun jijjiirama beekumsaa, miiraa


fi fedhaa kan of keessatti qabateedha.
1. Jijjiirama beekumsaa
– Kiristaanummaan seenaawwan dhugaa irratti kan bu’uureffamedha
– Iyyisuus gurguddoota biyya lafaa kan caaludha
– Iyyesuus gara biyya lafaa kan dhufe, waa’ee cubbuu keenyaaf
fannoo irratti du’uudhaafi
2. Jijjiirama miiraa
– Miira keenya irratti ilaalcha dogoggoraa qabnuun
– Miira keenya to’achuun
– Jireenyi kiristaanummaa amantiin kan jiraatamu ta’uu isaa
hubachuun kan of keessatti qabatedha.
– (miiraan deddeebi’uun hafee amantiidhaan socho’uu dha
3. Jijjiirama fedhaa
⁻ Dhugaaf abboomamuuf fedha ofii qabaachuu
⁻ Yoh 7:17 (namni fedha waaqayyoo raawwachuu
barbaade barsiifni kun waaqayyo biraa ta’uu isaa ykn of
keessaa fuudhee dubbachuu koo ni hubata.)
⁻ Yakka fedha keenyaan goonu irraa ofqusachuu
⁻ Sossobbii seexanaaf mo’amuu dhiisuu
Namoonni maaliif jireenya isaanii kiristoosiif hin laatan?

1. Tokko tokko Waaqayyo kaayyoo isaanii kan jalaa jijjiiruu fi


gammachuu jireenya isaanii akka waan jalaa fudhatuutti
yaadanii sodaatu.
2. Tokko tokko of tuulummaa beekumsaan ykn fedhiin isaanii
gufuu itti ta’a.
3. Tokko tokko qabeenya badhaadhummaa qaban hunda kan
dhiisan itti fakkaata
4. Namoonni tokko tokko waaqayyoon amanachuu ni sodaatu
 Kiristaana ta’uuf dhugaawwan bu’uuraa nu gargaaran
1. Waaqayyo si jaallata jireenya keefis karoora
dinqisiisaa qaba.
Yoh 3:16,
yoh 10:10 (… ani garuu hoolonni jireenya haa
qabaataniif iraa hafaas haa qabaataniifan dhufe)

Namoonni garuu jireenya irraa hafaa kana hin shaakalan


2.Namni cubbamaa fi waaqayyo irraa kan adda ba’e
dha. Kanaaf jaalala waaqayyoo fi karoora
dinqisiisaa inni jireenya isaatiif qabu beekuu hin
danda’u.
– Rom 3:23 (hundinuu yakkaniiru ayyaanni waaqayyos
isaanitti hir’ateera.)
– Rom 6:23 (beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a
/hafuura waaqayyoo irraa adda ba’aniiru
Haata’u malee rakkina kanaaf furmaanni jira
 Furmaanni isaas
3.iyyesuus kiristoos karaa isa tokkichanama gara
waaqayyootti geessudha.inni waa’ee cubbu
namaatiif gatii kaffaleera.karaa isaa waaqayyoon
beekuu fi karoora dinqisiisaa inni jireenya keef
qabu shaakaluu ni dandeessa.
Rom 3:8 (waaqayyo garuu, utuma nuti cubbamoota
rtaanee jirruu, kiristoos nuuf du’uu isaatiin
hammam akka nu jaallate in argina)
 Kiristaana ta’uu kee karaa 2 mirkaneeffachuu
dandeessa
1. Sagalee waaqayyoo fi
2. Dhuga ba’umsa hafuurri qulqulluun keessa
keenyatti himuun
1. Sagalee waaqayyoo
 Kiristaanummaa keenya miirri nuuf mirkaneessuu
hin danda’u abdii isa sagaleen waaqayyoo nuuf
kennuun malee
 Abdii sgaleen waaqayyoo waa’ee keenyaa dubbatu
keessaa muraasi
– Jireenya bara baraa 1yoh 5:11-13
– Aboo ijoollee waaqayyoo ta’uu yoh 1:12( hamma isa
si,mataniif ammoo ….)
– Dhiifamuu cubbuu argachuu Qola 1:14
– Deemsa jireenya keenyaa mirkaneeffachuu
Dhugaa Amantii Miiraa
2. Dhuga ba’umsi HQn jireenya keenya keessatti
ibsuun.
innis wantoota bu’uuraa 2
– Kan waaqayyoo akka taane
• Rom 8:16 (hafuurri waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin
walii galee, ijoollee waaqayyoo ta’uu keenya dhugaa in ba’a
)
– Jireenyi keenya humna hafuura qulqulluun jijjiiramuu
• 2Qor 5:17 (kanaafis namni kan kiristoos yoo ta’e, uumama
haaraa dha;inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufe
“)
Walumaa galatti

• Kiristoos gara jireenya kee dhufeera. Mul 3:20


• Jireenya barabaraa argatteetta.1 yoh 5 :11-13
• Cubbuun kee siif dhiifameera Qol 1 :14
• Mucaa waaqayyoo taateetta. Yoh 1 :12

You might also like