You are on page 1of 32

GREAT COMMUTION MINISTRY

KITAABA GAREE
GREAT COMMISSION MINISTRY

DHUGA BA’UMSAA
A
ACTION TEAM BOOK

buutuu
fan

Page 1
GREAT COMMISSION MINISTRY

KITAABA GAREE DHUGA BA’UMSAA (GCM)

Jildii 1ffaa

BU’UURA LEENJII BABAL’ISUU WANGEELAA

BOQONNAA TOKKO

WAAMICHA BIYYA LAFAA HUNDA QAQQABUU/ GA’UU

WAAMICHA:-

● Abbaan Aarge kan itti hafeeramu miti.


● In dhufa jedhamee nama itti amanamu qofatu waamama.
● Karaa deemaan itti hin waamamu.
➔ Warri waamicha dhugaa qaban kan akka Yohaannis Cuuphaa isa “ Ilaa hoolicha
Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa baate” (Amaariffa isaa irraa “Qoricha biyya lafaa”
jedha. Yoh 1:29

Maalif Waamamne?
✓ Araarsuuf. Namni tokko tokko namaaf nama irra darbee, namaaf Waaqa walitti naquu
barbaadu.
Fknf:- Kadhata isaanii keessatti maal jettee dhiifte Waaqayyo: dhaloota kan kottuu
alangaa keetiin garafi, kottuu arata keetiin harii qulqulleessii fi kkf jechuun kadhatu.
Musee:- Saba kana utuu hin balleessin anaan balleesi

Page 2
GREAT COMMISSION MINISTRY

2qor 5:20:- Afaan waaqayyo taane ergamneerra…


◆ Yesuus inni nuti itti amanne kun isa bara baraan nu jiraachisa jenne amannedha. Namni
ji’a ji’aan qarshii ol ergaa jiru hin jiru.
◆ Warri amanan ibidda keessa asiif achi adeeman.
Hoj Erg 8: 1-4:- Aamantoonni dubbii dhugaa lallaban.
1Qor 9:16:- Wangeela lallabuudhaa yoon baadhe anaaaf wayyoo...

Waamicha kana keessatti hirmaachuuf

1. Kaayyoo Waaqayyo biyya lafaa kanaaf qaabu beekuu


❖ Kaayyoon isaa gabaabaadhumatti Jaalala.
❖ “Utuu nuun diina taanee jirruu nu jaallaate” jedha Phawuloos.
❖ Utuudhuma cubbuu keessa jirruu nu jaallata.
Garuu:- na jaallata jennee akka fedha keenyaatti jiraachuu hin dandeenyu. Yoh 3:16, 2Phex 3:8

Waaqayyo waldaa kiristaanaa qofa miti kan inni jaallate.

2. Kaayyoo namni Waaqayyoo biyya lafaa iirratti qabu beekuu


❖ Nyaannee dhugnee, fuunee heerumnee darbuufii?
◆ Walumaa galatti kaayyoo namni waaqayyo, bara isaatti Waaqayyo
isa irraa qabu beekee isaaf jiraachuudha.

3. Fakkenya Macaafa qulqulluu ykn Abboota darbanii hordofuudha.

❖ Abboonni darban maal gochaa turan?


▪ Rom 1:14

Page 3
GREAT COMMISSION MINISTRY

▪ 1Qor 9:16
▪ Filph 1:12-14
➔ Warra tola lallaban: Abboota darban
➔ Warra gadi of buusan: ’’ ’’

4. Mala ittiin hojiitti hiiknu beekuu qabna.


Fkn guddina tumsaa

Maloota isaa
1 Bartuu aamanamaa ta’uu
2 Ija jabinaan dubbachuu
3 Bartuu ijaaruu irratti xiyyeeffachuu

4 Namoota amanamoo filachuudhaan tajaajila dhaabbata kennu


5 Namoota hundumaa wangeelan qaqqabuu. Mat 28:16-20
Dhuga ba’umsi keenya ni milkaa’ee kan jennu

1. Kiristaanummaa keenya mirkaneeffachuu qabna

➢ Kiristaana dhugaa jechuun jijjiramni dhugaan kan irratti mul’atedha.

✓ Karaa ittiin kiristaanummaa ofii mirkaneeffatan


➲ Sagalee waaqayyoo "Amma Isa Simataniif immoo..."yoh:1:12
➲ Dhuga ba’umsa hafuurri qulqulluun keessa keenyatti nuuf kennu "Hafuurri
Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee..."1Qor:221
➲ Kallattii adeemsa jireenya keenyaa beekuudhaan.

b
AMANTOOTA
YESUUS

Page 4
GREAT COMMISSION MINISTRY

Kitistaana Tokkoof
➢ Mootorri = Dhugaa
➢ Boba’aa = Amantii
➢ Bakka fe’umsaa = Miira
2. cubbuu itti qalbii hin jijjiirranne jireenya ofii keessa akka hin jirre mirkaneeffachuun

3. Hafuura qulqulluutiin guutamuu:- Hafuurri qulqulluun akka fedhetti itti hojechuu. Efe 5:18

4. Amantii ofii himuuf qophaa’uu

✓ Waa’ee amantichaa beekuu.


✓ Waa’ee amantii nama biraa illee beekuun murteessaadha.

5. Kadhachuu:- PCS

Maloota pcs
P. Pray
C. Care
S. Share

ERGAAN GUDDICHI MAALI?

Abbommiidha: Mat 28:16-20


✓ Abboommiin kun Addunyaa mara irratti, dhalootaa dhalootatti kan darbu,
bartoota walhoraa deeman ijaaruudha.

Page 5
GREAT COMMISSION MINISTRY

✓ Ergaa guddaa kana galmaan ga’uuf of kennuun barbaachisaadha.

Of kennuun kan inni barbachiseef:-


❖ Ajaja Gooftaa keenyaa galmaan ga’uuf
❖ Namoota Kiristoosiin utuu hin barin darbaa jiran qaqqabuuf
❖ Hafuurri qulqulluu bakka hundumaatti namoonni hundinuu
Waaqayyoon akka barbaaddataniif dheebuu waan itti gadhiiseef.
❖ Utuu Yesuus deebi’ee hin dhufin, uumamni hundinuu utuu hin darbin
dura, nama hundumaatti ariitiidhaan wangeelli lallabamuu waan
qabuuf. Mat 24:14

Kaayyoo ergaa guddichaa:


Mat 28:16-20, Hoj Erg 10:39

➢ Wangeela lallabuu( evangelism)


➢ Bartuu horachuu( desipel ship)

Yeroo ilaalchisee Waldaa Kiristaanaa Keessa Nama Gosa Afurtu Jira


➢ Namoota beellama yeroo hin qabneen deddeebi’an.
➢ Waan yeroo darbe karaa isaaniin hojjetameen kan boonan
➢ Warra adoodoo kan darbes seenaa hojjetan kan hin qabne, boriifis kan hin
karoorsine

Page 6
GREAT COMMISSION MINISTRY

➢ Utuu yeroo sana akkas ta’eera ta’ee jechaa kan deeman(gaabbiin bara
isaanii kan xumuran)

Mala ittiin bara keenya ergaa guddicha hojiitti hiiknu


➢ Booji’uu ( winning)
➢ Ijaaruu (build, forming)
➢ Leenjisuu (Teach)
➢ Erguu ( sending) :- warri dhaqan kun ykn mijachuufii danda’a ykn mijachuufii dhiisuu
danda’a. Mat 10:16

Sochii Hafuuraa Ijaaruu (building spiritual movement) {everty whare} Mat 28:16
➢ Kaayyoon namni hunduu lafa kana irra jiruuf/ waldaan kiristaanaa lafa kana irratti
dhaabamteef kaayyoo Yesuus lafa kana irratti itti kennee deeme raawwachuudha.
➢ Waan jirtuuf itti hin hojjenne taanaan kisaaraa guddaa keessa akka jirtu hin dagatin.
➢ Namni hunduu bakka jirutti nama Kiristoosiin dhugaatti hordofu amma argutti
socho’uudha.

Sochii Hafuuraa Ijaaruun Maali?


1. Laphee tokko kan qaban
2. Galma ta’e tokkoof jabaatanii kan hojjetan
3. Ofii isaanii kan kennan
4. Waan baramaa amma jiruun kan morman
5. Jijjiirama tokko fiduudhaaf kan hojjetan
6. Hafuura dammaqaa tokkoon kan hojjetan, namoota bakka buusuudhaaf kan dhama’an
7. Hafuura Waaqayyootiin kan guutaman

Page 7
GREAT COMMISSION MINISTRY

8. Ergaa guddicha galmaan ga’uudhaaf kan dhama’an amantoota argachuudha.


Hoj Erg 1:8, 1Tes 1:5-8
Waldaa Kiristaanaa keessa wantoota lamatu jira
1. Sagantaa Hafuuraa:- jechuun iddodhuma jirutti kan eegamu.
2. Sochii Hafuuraa:- ariitii guddaadhaan jijjiiramaa kan deemu.

SEEROTA BU’UURAA ARFAN

⌘ Wanti hunduu seera qaba. Addunyaa keessa jiraannu kana keessatti seerri
waan hundaa to’atu kan uumamaa akkuma jiru, walitti dhufeenya
namootaa fi Waaqayyoo kan murteessu seerri hafuuraas ni jira.

❧ SEERA DURAA:- Waaqayyo si jaallata lubbuu keetiifis karoora dinqisiisaa sii


laateera.
Jalala Waaqayyoo
“Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa amma kennuufitti biyya lafaa jaallate, isatti kan amanu
hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti”. Yoh 3:16

Karoora Waaqayyoo
“ Hoolonni jireenya haa qabaataniif, irraa hafaas haa qabaataniif dhufeera.” Yoh 10:10

❧ SEERA LAMMAFFAA:- Namni cubbamaadha kanaafuu Waaqayyo irraas kan adda


ba’edha, kanaaf jaalalaaf karoora Waaqayyoo beekuu fi shaakaluu hin danda’u.

Namni Cubbamaadha
“ Hundinuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyoo isaanitti hir’ateera.” Rom 3:23

Page 8
GREAT COMMISSION MINISTRY

“ Nuyi hundumti keenya akka hoolata karaa irraa bane turre, adduma addaanis kara karaa in
gore.” Isa 53:6

SEERA SADAFFAA:- Karaan inni tokkichi kan nama gara Waaqayyootti geessu Yesuus
Kiristoosidha. Inni du’a qooda keenya du’e. Namni karaa Yesuus Waaqayyoon beekuu, karoora
isaa beekuu fi jaalala isaa mi’eeffachuu danda’a.

Inni Du’ee Du’aa Ka’e


“ Waaqayyo garuu utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf du’uu isaatiin
hammam akka nu jaallate ni agarsiisa.” Rom 5:8

Du’aa Ka’eeras
“… Kiristoos cubbuu keenyaaf du’eera, inni awwaalameera, caaffanni qulqullaa’oon akka
jedhanitti guyyaa sadaffaattis du’aa kaafameera…” 1Qor 15:3-5

Inni Karaa Isa Tokkicha


Yesuus deebisee, “karichi, dhugaan, jireenyis ana, anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu gara
Abbaa hin dhufu.” Yoh 14:6

SEERA AFURAFFAA:- Tokkoon tokkoon keenya Yesuusiin akka fayisaa lubbuu keenyaatti
fudhachuu malla, yoo kana ta’e jaalalaa fi karoora inni jireenya keenyaaf qabu beekuu
dandeenya.

Kiristoosiin Fudhachuu Malla


“ Hamma isa simataniif immoo ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif haboo isaaniif kenne, isaanis
warra maqaa isaati amananiidha.” Yoh 1:12

Amantiidhaan Kiristoosiin Fudhachuu Malla

Page 9
GREAT COMMISSION MINISTRY

“ Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyooti
malee gocha ofii keessanii miti, hojiidhaanis miti namni tokko akka ittiin of hin jejnetti.”
Efe 2:8-9

Jireenya Keenya Keessatti Kiristoosiin Hafeeruudhaan Fudhachuu Dandeenya

“ Kunoo ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta, namni sagalee koo dhaga’ee
balbala yoo naaf bane, ani ol nan lixa, isa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, inni anaa wajjin
in nyaata.” Mul 3:20

*****************************************************************
Jildii 2ffaa

GIDDU GALEESSA LEENJII BABAL’ISUU WANGEELAA

BOQONNAA TOKKO

WALITTI DHUFEENYA WAAQAYYOO WAJJIN QABNUUF DURSA KENNUUF


ITTI GUDDACHUU
walitti dhufeenyi karaa sadii ilaalama

➢ Akka jalqabaatti kan itti fufu


➢ Kan guddachaa deemu
➢ Kan tasa badu Rom 8:28-39, Mar 12:28, Mul 3:20

❖ Waaqayyo walitti dhufeenya isa waliin qabnuuf dursa akka kenninu barbaada.
Sababni isaa namni waan dursa kennuuf jiraata, sanaafis yeroo issa, qabeenya isaa
kenna waan ta’eef. Yoh 21:15, Hos 6:1-6

Page
10
GREAT COMMISSION MINISTRY

Walitti Dhufeenya Waaqayyoo Wajjin Qabnuuf Dursa Kennuuf Tarkaanfilee Fudhatamuu


Qaban

1. Kiristoosiin beekuun carraa gaariidha malee itti gaafatamummuu baratame akka hin
taanee hubachuudha
2. Guyyaa guutuu isa beekuufi isaa wajjin deddeebi’uu, barbaaduu fi argamuu isaattis
gammaduu.
3. Waaqayyon olol qabuu, waaqasseeuu, jaalala inni nuuf qabu mul’dhisuu, akka isa
jaallannu ibsuu.
4. Guyyaa guyyaatti waaqayyoo wajjin wal arguuf yeroo qabaachuu.
✓ Yeroon kun yeroo dadhabbiif yeroo nuuf mijatu qofa
ta’uu hin qabu.
5. Firooma waaqayyoo wajjin qabnu isa gatii guddaa itti laannu godhachuu
6. Jaalala waaqayyo nuuf qabuuf wantanni nuuf godhe hundumaa ajaa’ibsiifannaa
haaraa akka nuuf laatuuf kadhachuu.
7. Akka isa gaddisiisu wantoota inni nuuf ibse hundumaatti qalbii jijjiirrachuu.
8. Warra kaan tajaajiluudhaan jaalala waaqayyoof qabnu dubbachuu, ibsuu.
2Qor11:21 Gal 6:10

Yeroo Ga’aa Akkamitti Waaqayyoo Wajjin Qabaanna?

➢ Yeroo callisuu:- Waaqa qofa wajjin yeroo itti aasofnu.

❖ Akkaataa Itti Yeroo Kana Dabarsinu:-


✓ Kadhata al-sagaleen(sound less)
✓ Macaafa qulqulluu dubbisuudhaan
✓ Macaafa qulqulluu qorachuudhaan

➢ Waaqayyoon galateeffachuu, waaqeffachhuufi faarfachuudhaan


➢ Kadhachuudhaan
➢ Meeshaa muuziqaa taphachuudhaan

Page
11
GREAT COMMISSION MINISTRY

BOQONNAA LAMA

AMALOOTA WAAQAYYOO

1. Ifa eenyu illee itti siquu hin dandeenyedha


2. Amanamaa dha 1qor 1:9
3. Waan hin jirre irraa waan hin banne kan hojjetedha
4. Waan hundumaa kan beekudha Erm 29: 11, 1Yoh 3:20
5. Al tokkicha iddoo hundumaatti kan mul’atudha
6. Abbaa firdii qajeelaadha
7. Jaalala 1Yoh 4:24

BOQONNA SADII
EENYUMMAA KARAA YESUUS KIRISTOOSIIN QANU

Eenyummaa isaa namni beeku bakka isa hin madaalle hin dhaabbatu. Gal 2:20
Yesuusitti amanuu keenyaan Yesuusii wajjin tokko taaneerra.

Karaawwan Kiristoosii Wajjin Tokko Taane


1. Fannifamuudhaan Gal 5:24, 2Qor 5:16-21
2. Du’uudhaan Rom 6:3-6, 1Qor 6:19-20
3. Du’aa ka’uudhaan Rom 6:3-6, 1Phex 2:24

Page
12
GREAT COMMISSION MINISTRY

BOQONNAA AFUR
WAA’EE KADHANNAA BARACHUU
kadhannaan maali?
✓ Carraa kiristaannonni argatanidha
✓ Neetwoorkii namaaf Waaqayyoo wajjin qabanidha
✓ Dubbii namni Waaqayyoo wajjin qabu karaa ittiin xumuratudha
❖ Kadhannaan qajeelotaa isatti in tola, kan warra jallootaa immoo in ciiga’a.
(Solomoon)
◆ Jecha Pas/ Daawwit “utuu isin harka keessan ol kaaftanii hin
dhufin yaa Waaqayyo jettanii harka keessan gadi deebisee dhufa
malee hin dhiisu!” sababni isaa sagalee isaa baayyee waan
kabajuuf. “Lafa isin lamaaf sadii taatanii maqaa kootiin walitti
qabamtanitti an isin gidduutti nan argama” waan jedhuuf.
✓ Kadhannaan waan utuu gargar hin citin godhamudha.
✓ Kadhannaan waan al tokko itti uursanii hojjetanii waan al tokko immoo irraa gala galan
miti.
Dan 6:10
◆ Yeroo kadhataa namni hunduu ni ariifata, garuu ariifanneef
Waaqayyoon ala eessa iyyuu hin geeny.

Kadhannaan Maalif Barbaachise?


1. Waaqayyoon waan ulfeessuuf.
Yoh 14:13 { abbaan ilma isaatiin ulfina akka argatutti waanuma isin maqaa
kootiin kadhattan nan raawwadha }
◆ Wanti nuun kadhannu waan human keenyaa ol ta’e isa, isa isa
nuun ol ta’e kanaan ol isa jirutti gaafa kenninu ati isaa oli jechuu
keenyaan ulfeessina jechuudha.

Page
13
GREAT COMMISSION MINISTRY

2. Eenyummaa cimaa Waaqayyoo wajjin waan bu’uressuuf.


Fkn. Harmee Shiibirree…
3. Akka kadhannuuf waan abboomamneef. Efe 3:14-19
4. Humni Waaqayyoo mul’atee Addunyaa irratti jijjiirama akka fidnu kan nu dandeessisu
waan ta’eef. Hoj Erg 4:23-33
5. Waaqayyoon boqonnaa dhowwuu waan ta’eef. Isa 62:6-7

Akkamitti Kadhanna?
1. Yaada sammuu, beekumsa, miira(fedha) keenya dhuunfachiisuu dhaan kan
taasifamudha.
2. Karaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin, aboo maqaa Yesuusiin gara abbaatti kan
kadhannudha. Yoh 15:16, Rom 8: 26-27
3. Wantoota ijoo armaan gadii akka ijootti hammachiisuudhaan
✓ Jejachuuf waaqeffachuu. Far 147:1
✓ Galateeffachuu 1Tes 5:8
✓ Yaada garaa keenyaa gedderachuun 1Yoh 1:7
✓ Himata/ gaaffii dhiyeessuu Filp 4:6-7, Mat 6:11-13

Tooftaalee Kadhannaan Ittiin Dhiyaatu


a. Callisuudhaan dhuunfaatti ykn gareedhaan
b. Sagalee dhageessisuudhaan dhuunfaatti, nama muraasaan ykn baay’ee dhaan
c. Sagalee Waaqayyoo bu’urefatanii
Fkn: Jecha Phawuloos dubbate Daawwittu dubbate osoo hin jedhin.
: Jaartiitu gaaf tokko yaa waaqayyo gooftaa harka lama qabaataniif
muka lama hin yaaban akkuma dubbiin sagalee kee jedhu jettee kadhatti
jedhan..

BOQONNAA SHAN

Page
14
GREAT COMMISSION MINISTRY

SAGALEE WAAQAYYOO

Kaayyoon barnoota kanaa:- jireenya kiristaanummaa keessatti sagalee Waaqayyoof human


isaa hubachuu akka dandeenyu.

:- macaafni qulqulluun sagalee Waaqayyoo isa dhugaa akka ta’e nu


hubachiisa. 2Phex 1:20-21

Kakuu Haaraan Sagalee Waaqayyoo Ta’uu Isaa Karaa Ittiin Mirkaneefannu

1. Wangeelonni arfan dhuga ba’umsa ergamootaaf namoota baayyee Gooftaa wajjin


turaniin barreeffamuu isaa.
2. Haala dinqisiisaa ta’een qabiyyee isaa utuu gadi hin dhiisin waa’ee waan tokkoo haala
wal fakkaataa ta’een ergaa guutuu dabarsuu isaa.
3. Seenaaleen kitaaba qulqulluu kumaatamaan lakkaa’aman kan harkaan barreeffaman har’a
illee jiru ragaawwan kun qorannoowwan seenaaafi Arkewolojii dhugaa ta’uu
barreeffamoota kanaa waan mirkaneessaniif.
4. Yesuus Kiristoos hafuurri qulqulluun sagalee isaa amanamummaadhaan dabarsuu akka
isaan dandeessisu bartoota isaaf waadaa galee waan tureef. Yoh 14:26, Mat 10:7
5. Awwaalli Yesuus duwwaan isaa akka kakuun haaraa sagalee Waaqayyoo ta’e
mirkaneessa.
6. Jireenyumti ergamootaa illee kakuun haaraa akka sagalee waaqayyoo ta’e mul’isa.
Namni waan sobaaf qoosaatti gatii hin baasu waan ta’eef.

Kakuu Moofaan…
✓ Yesuus Kiristoos kitaabonni kakuu moofaa sagalee Waaqayyoo fi aboo kan qaban
ta’uu isaa dubbateera. Mat 5:18, Luq 16:17
✓ Raajiiwwan raawwataman heedduu isaanii waan jiraniif.
✓ Akkuma mac/ kakuu haaraa seenaadhaan kan deggeraman waan ta’aniif.

Page
15
GREAT COMMISSION MINISTRY

Humna Sagalee Waaqayyoo


❧ Sagaleen Macaafa qulqulluu keessa jiru:
❖ Cubbamoota ta’uu keenya nu hubachiisuuf human qaba. Hoj Erg 2:37
❖ Human ittiin fayyan of keessaa qaba. 1Phex 1:22-23
❖ Miiraaf yaada keenya addaan baasee qoruu danda’a. Ibr 4:12-13
❖ Jireenya namaa jijjiira. 1Tes1:5-8
❖ Kaayyoo Waaqayyoo raawwachuudhaaf human qaba. Isa 55:10-11

Ga’ee Macaafa Qulqulluu


1. Abbaaf ilma isaa mul’isuudha. Yoh 5:35-40
2. Amantiin keenya akka guddatu taasisa. Rom 10:17, 1Phex 2:2
3. Hojii gaariidhaaf nu qopheessa.

Akkamitti qayyabbanna?
⌘ Yeroo dubbifnnu gadi fageenyaan ilaaluu. Akkamitti?
➢ Jalqaba yaada ijoo barreessaa sanaa barbaadanii argachuu
➢ Mata dureewwan jala jala jiran gadi fageenyaan ilaaluu
➢ Qabiyyee kitaabichaa wajjin wal baruu
➢ Naannoo kutaa dubbifnuu taateewwan jiran ilaaluu
➢ Eenyu akka barreesse, eenyuuf akka barreeffame, maalif akka barreeffame sirriitti
hubachuu.
➢ Yeroo seenaan sun itti barreeffame, ergichi itti barreeffame yoo nuuf danda’ame
qorachuu
Kana keessatti kitaabolee nu gargaaran:
✓ Galmee jechootaa kan kitaaba qulqulluu
✓ Ibsa macaafa qulqulluu

Page
16
GREAT COMMISSION MINISTRY

✓ New international version

BOQONNAA JA’A

DHUGA BA’UMSA DHUUNFAA QOPHEESSUUF DHIYEESSUU

Dhuga ba’umsa kana dhiyeessuuf:-Yesuusiin osoo hin fudhatin dura akkamittan fudhadhe?

:- Ergan fudhadhee booda hoo? Kan jedhu qabaachuu qaba.

Dhuga ba’umsa Dhuunfaa Kana Namootaaf Dhiyeessuun maalif Barbaachise?

1. Haala gaariin qophaa’ee hafuura qulqulluutiin kan dhiyaatu yoo ta’e haala kam keessatti
iyyuu kallattii dhaan dhiibbaa uumuu waan danda’uuf.
2. Waaqayyo jireenya kee keessatti hojjechaa akka jiru raga waan dhiyeessuuf.
3. Nama dhuunfaa irraa jalqabee amma waltajjii gurguddaatti meeshaa tajaajilaa isa bu’a
qabeessa waan ta’eef
4. Yesuusiin haala gaariif ifaa ta’een waan dhiyeessuuf, namoonni dhaga’an hunduu abdii
kana kan dhuunfaa isaanii godhachuun waan itti toluuf. Hoj Erg 22:1-22
Dhuga Ba’umsa Dhuunfaa Ofii Akkamitti qopheessuun Danda’ama?

1. Kiristoosiin fudhachuun/ hubachuun dura:


⌘ jireenyi koo, fedhiin koo, ilaalchi koo maal fakkaata ture?
⌘ Jireenyi koo naannoo kamiin naanna’a ture?
⌘ Amanannaan lubbuu kootii maddi gammachuu ishee hunda caalu maal ture?
⌘ Nagaa jireenyaa, boqonnaa argachuuf garaman deeman ture?
⌘ Yaalii kana hunda godhee boqochaan turee?

Page
17
GREAT COMMISSION MINISTRY

⌘ Wantoonni kunneen akkamitti jireenya koo miidhuu eegalan?

2. Kiristoosiin akkamittan fudhadhe?


⌘ Wangeela yeroo jalqabaatiif kanan dhaga’e yoomi, akkamitti?
⌘ Deebiin koo jalqabaa maal ture?
⌘ Ilaalchi koo jijjiiramuu kan jalqabe yoomi, maalif?
⌘ Murteessuu koo dura murteessuuf wantoonni na rakkisan maal turan?
⌘ Murteessuuf qabsoon yoo turan iyyuu, kiristoosiin fudhachuuf maalifan
murteesse?

3. Kiristoosiin ergan fudhadhee booda:


⌘ Jireenya, ilaalchaa fi hojii koo irratti jijjiiramni gurguddaan dhufe maali?
⌘ Jijjiirama kana hubachuuf yeroo ammamii natti fudhate?
⌘ Amma maalifan karaa adda ta’een jijjirame?

Akkaataa Barreessuu

a. Akka nama hiriyaa ofii barreessuutti


b. Gaaffilee armaan olitti heerre fayyadamuudhaan
c. Ogummaaf qajeelfama argachuuf Waaqayyoon kadhachaa
d. Gumiifis ta’e nama dhuunfaaf akka dhiyeeffamutti giddu galeeffannee
Akkaataa Dhiyeessuu

a. Yeroo keenyatti haalaan fayyadamnee


b. Waa’ee waldaa kiristaanaa, nama dhuunfaa, dhaabbata kamiinuu ammeenya
isaaniis ta’e jabina isaanii haala hin barbaachisneen itti makuu dhiisuu
c. Haammeenya waldoota kiristaanaa maqaadhaan dubbachuu irraa of qusachuu
d. Bifa lallabaa irraa kan adda ta’een fayyadamuu

Page
18
GREAT COMMISSION MINISTRY

e. Jechoota namaaf ifoo hin taane fayyadamuu dhiisuu


f. Yeroo dubbannu fuula ifuuf gagammaduu
g. Dhaggeeffatoota/fataa keenya hordofuu, dadhabsiisuu dhiisuuu
h. Namoonni/ni sun haa murteeffatu/tan jettee soba itti makuu dhiisuu
i. Jalqabaa amma dhumaatti waan gaarii ta’e qopheessii dhiyeessi
j. Wantoota yaada namaa bittimsan gochuu irraa of qusachuu

Jildii 3ffaa
LEENJII OL AANAA DUUKA BUUTUMMAA
BOQONNAA TOKKO
AYYAANA WAAQAYYOO (THE GREACE OF GOD)
◆ Kaayyoon nuti barnoota kana barruuf akkamitti Waaqayyoo wajjin, namaa wajjinis hariiroo
gaarii uumnee jiraachuu dandeenya kan jedhu dha.
❧ Ayyaana wanti jedhu wantoota lama mul’isuu danda’a.
1. Fayina keenyaaf gatii Yesuus fannoo irratti baase
2. Jireenya isa guyyaa keessatti fudhatama amanaan tokko, iddoo
amanaan tokko Waaqayyoon biratti qabu.
❧ Jireenya keenya keessatti ayyaanni Waaqayyoo haalota armaan gadiitiin
mul’achuu danda’a
1. Battaluma fayine sanatti jireenya keenya keessatti argamuu. Rom 3:9,
4:5, Efe 2:1
2. Waaqayyoon biratti gati jabeessa akka taane nu jajjabeessuudhaan.
1Qor 6:19-20
3. Waaqayyo waliin akka araaramne keessa keenyatti dhugaa nuuf
ba’uudhaan. Rom 5:10

Page
19
GREAT COMMISSION MINISTRY

BOQONNAA LAMA

DUUKA BUUTOTA HORACHUUF WAAMICHA MACAAFA QULQULLUU

❧ Kaayyoon boqonnaa kana baranuuf qajeelfama gooftaan kenne ykn macaafa


qulqulluu hordofuudhaan duuka buutota heedduu horannee biyya lafaa hunda
qaqqabuuf akka of kenninu nu dandeessisa. Efe 4:11, Gal 4:19, Rom 7:4

❧ Yesuus akka duuka buutota isaatti akka isa tajaajillu nu waameera, kunis tuqaalee
armaan gadii of keessaa qaba.
a. Warra kaan jaallachuudhaan tajaajiluu
b. Sagalee Waaqayyoof abboomamuu
c. Kiyyeessituu namootaa ta’uu
d. Akka jaalala isaatti kadhachuu
e. Tarkaanfii keenya hundumaan human hafuura qulqulluu irratti hirkachuu
f. Waa’ee kiristoosiif gidiraa dhufu hunda fudhachuudhaan.

❧ Namoota kan biroo duuka buutuu akka goonuuf nu waameera


Mat 28:18-20, Qol 1:28-29

Kana gochuuf:

❧ Aangoof humni kan kennamu Yesuus biraa akka ta’e beekuu qabna
❧ Qajeelfamni isaa warra kaanis duuka buutuu gochuu akka ta’e hubachuu
❧ Daangaan isaa Adunyaa guutuu akka ta’e beekuu
❧ Ergamichi tamsaasa wangeelaa fi duuka buutuu horachuu kan walitti hidhe ta’uu isaa
beekuu.
❧ Akka mul’atuuf kan nuti eegnu human Yesuusiin ta’uu isaa beekuudha

Page
20
GREAT COMMISSION MINISTRY

GAAFFII
➢ Tajaajilli dhuunfaa koo biyya lafaa hunda ga’uu kaayyoo isaa godhateeraa?
➢ Tajaajilli tamsaasa wangeelaa kootii duuka buutota amanamoo horachuutti ni
adeemaa?
➢ Duuka buutota ani amanamoodha jedhu kunis tamsaasa wangeelaatiin akka
tajaajilaniif leenjiin kennameeraafii?
➢ Human hafuura qulqulluutti amanuudhaan tajaajila koo geggeessaan jiraa?

BOQONNAA SADII

AMALOOTA DUUKA BUUTOTA KIRISTOOS ISA DHUGAA

Duuka Buutuu:- gooftaa isaa fakkaachuuf adeemsa irra kan jiru. Mat 11:1, Luq 6:40, Efe 4:13

Amaloota Duuka Buutota Kiristoos Isa Dhugaa

❖ Jaalala namootaaf Waaqayyoo kan qaban ittis guddachaa kan adeeman


Mat 22:36-40
❖ Jireenya isaanii Gooftaa Yesuusiif kan bichisiisan. Luq 14:25-33
❖ Waan hundumaa caalaa mootummaa Waaqayyoo kan eeggatan Luq 9:57-62
❖ Waaqayyoon duukaa bu’uu isaaniif, tajaajila isaaniif kaka’umsa kan qabanidha.
Rom 5:6-8, Ibr 12: 28-29, 2Qor 5:14

BOQONNAA AFUR

TAJAAJILA BARTOOTA HORACHUU JALQABUU

Kaayyoon boqonnaa kana barattuuf naannoo tajaajila keetiitti bartoota akka horattuuf si

Page
21
GREAT COMMISSION MINISTRY

gargaara. Kunis namoonni gara gooftaa Yesuusitti akka guddatan gargaaruudha.

Yeroo kana goonu:-

◆ Waaqayyoo wajjin hariiroon keenya baay’ee jabaachaa dhufa


◆ Namoota kan biro gargaaruuf ofii ofii jabeessuudhas

Kaayyoo Bartuu Horachuu

1. Hafuuraan kan guutaman kiristaanota ijaaruu


2. Kiristaanota sagalee Waaqayyoof bulan ijaaruu
3. Kaayyoo Gooftaa keenya Yesuusiin qaqqabuuf kan dhama’an
kiristaanota ijaaruu. Mat 9:35- 10:5, Mat 28:18-20, Efe 5:17-18

Haala Kamiin Bartuu Horachuu Dandeenya?

1. Waliin baanee Wangeela babal’isuutiin


2. Gareewwan xixiqqootti qooduudhaan leenjisuu
◆ kana keessatti:-
✓ miseensi garee keettii sirraa waan baay’ee akka eegan beeki
✓ miseensi garee keetii garee kan biraa faana akka wal quunnaman godhi
✓ miseensota garee keetii dhuunfaadhaan yeroo kenniif, tajaajili, gorsi,
jajjabeesis…
✓ garee kee sana keessa kan jiran tajaajilatti guddisaa deemi.
◆ Walumaa galatti yeroo garee xixiqqoo kana qoqoonnu of eeggannoo nuti
gochuu qabnu:

1. Laphee namni sun Waaqayyoof, wangeelaafis qabu ilaaluu


2. Namni sun amanamaa akka ta’e adda baasuu

Page
22
GREAT COMMISSION MINISTRY

3. Yeroo barbaadametti nama argamu ta’uu isaa adda baasuu


4. Warra kaanitti dabarsuudhaaf nama ga’aadhaa?
5. Barachuuf nama fedhii qabudhaa?

BOQONNAA SHAN

BARTOOTA HORACHUU IRRATTI FAKKENYA MACAAFA QULQULLUU

1. Fakkeenya Yesuus:- Yoh 17:4


✓ Bartuu isaa in kadhata ture. Yoh 17:9-12
✓ Sagalee waaqayyoo isaan barsiisa ture. Mat 24:35
✓ Human Waaqayyoof hafuura qulqulluutiin guutamuutti in hirkata ture.
Mat 4:1 Yoh 5:30 Luq 4:1
✓ Leenjisee hojiitti bobbaasa ture. Mat 10:42, Mar 3:14
✓ Namoota danuutti lallabee, muraasa danuuf ta’aan immoo ni filata ture. Mat 9:35

✓ Tarkaanfii amantii akka isaan fudhataniif ni jajjabeessa ture. Mat 14:27-28


✓ Mootummaa Waaqayyoo isa bara baraa irratti xiyyeeffannoo kenna ture.
Mat 6:19-34, Yoh 5:27
✓ Wangeela lallabuudhaan fkn isaaniif ta’a ture. Yoh 4:27-42
✓ Garbicha ykn hojjetaa ta’uun maal akka ta’e qabatamaan itti agarsiiseera.
Yoh 13:1, Mat 20:28
✓ Bartoonni isaa waan inni jalqabe akka itti fufan qopheesseera, ajajeeras.
Mat 16:13-20, Yoh 17:8
2. Fakkeenya Phaawuloos:- 1Tes 2:7-12
✓ Bartoota isaaf gara laafessa, kan kunuunsus ture

Page
23
GREAT COMMISSION MINISTRY

✓ Ofuma isaatii nama jaalalaati


✓ Wangeela qofa utuu hin taane, jireenya isaa illee isaaniif in hira ture.
✓ Dadhabbiif gidiraa baay’ee keessa darbee tajaajila ture
✓ Jireenya isaa qulqullummaaf qajeelummaan geggeeffata ture
✓ Bartoota isaa in cimsa, in jajjbeesa, in gorsas ture.

3. Fakkeenya Pheexiroos:- 1Phex 5:1-6


✓ Qophaa’ummaa kan qabu ture
✓ Nmoota waaqayyo isatti kenne irratti aboo agarsiisuu osoo hin taane jaalalaan kan
mo’u ture
✓ Jireenya fkkeenyummaatiin bartoota isaa geggeessa ture
✓ Gaarummaaf gadi of deebisuun kan irraa calaqqisu ture

Bu’aa Bartuu Horachuu

1. Gammachuudha
2. Gonfoodha
3. Ulfina
4. Jireenya irraa hfdh

5. Of irra darbanii nama kan biraaf jiraachuudha


6. Jireenya bu’aa bara baraa qabu biyya lafaa kana irratti jiraachuudh

BOQONNAA JA’A

WAAMICHA BAAYYISUU HAFUURAA 2Xim 2:2-10

Kaayyoon boqonnaa kanaa:- ofii keetii bartuu ofiisaa baay’isu ta’uuf yaalii ta’u keessatti of
kennuuf qophii barbaachisaa ta’e akka raawwattuuf si gargaara.

Page
24
GREAT COMMISSION MINISTRY

Qajeelfamoota Baay’isuu Hafuuraa

1. Barachuuf of qopheessuu
2. Namoota amanmootti adaraaa kennuu
3. Warra kaan barsiisuu kan danda’an namoota amanamoo qopheessuu
◆ Atis namni barumsa kana barachaa jirtu waadaa kana dabarsitee namatti kennuuf fedha osoo
hin taane dirqama qabda.

Gaaffii
❧ Amma utuu Waaqayyo turban har’aa duuta siin jedhee maal hojjetta turban sana
keessa?

◆ Baay’isuu hafuuraa keessatti qophiin sammuu baay’ee murteessaadha.

Fakkeenyota qophii sammuu sadan


✓ Akka loltuu gaariitti
✓ Akka qote-bulaa ogeessaatti
✓ Akka atileetii dorgee irra jiruutti

Bartoota of baay’isan ta’uuf wantoota nu kakaasan


1. Fakkeenyummaa Yesuusiin yaaduu 2xim 2:8
2. Sagaleewwan abdii Waaqayyoo
3. Namoota badaniif ba’aa nuti qabnu
❧ Waamichi baay’isuu hafuuraa kun ariifachiisaaf gan guutuu Adunyaati.

Page
25
GREAT COMMISSION MINISTRY

BOQONNAA TORBA

ADARAA MACAAFA QULQULLUU

Kaayyoo boqonnichaa:- ilmi waaqayyoo bifa adaraatiin waan inni nutti kenne irratti nama
galfataa/ abbaa galfataa ta’uu keenyaaf, itti gaafatamummaa macaafa qulqulluu akka beeknuuf.

Abbaa galfataa jechuun:- qabeenya ykn maallaqa nama biro ykn kkf kan hoogganudha.

:- kunis abbaa qabeenyaa kan hin taane, waan isatti kenname kan ofii
isaa godhachuu kan hin dandeenye, waan isatti kenname garuu akka isatti kennametti kan eegu
jechuudha. 2Xim 6:20, 1Qor 9:16-17

◆ Nama kan ta’e hundi qaama isaa, dandeettii uumama isaa, dabalees immoo addumaan
kennaan ittiin tajaajilan qabeenyi(kan nama hundaa) kan isaati. Adaraa isaa Waaqa harkaa
fuudhe.
◆ Kanaaf akka barbaanne comment itti kennuu hin dandeenyu. Maalif funyaan koo akkas
gootee uumte jechuu hin dandeenyu.

Abbaa Galfataa Ogeessa Ta’uun Maalif Barbaachise?

1. Waaqayyo Yesuusiin gooftaa waan hundumaa godhee yeroo muude, nuunis ijoollotaa fi
hojjetoota isaa warra galfati arka jiru waan nu godheef. Kana jechuun nus dabalatee
Waaqayyo karaa ilma isaa waan hundumaa kansaa waan godhateef.
Qol 1:15-18, 1Phex 1:18-19
2. Jireenya keenya ogummaadhaan akka geggeeffannu waan abboomamneefi. Efe 5:15

Abboommii Kana Hojiirra Hoolchuuf

Page
26
GREAT COMMISSION MINISTRY

a. Waan qabnu hunda waaqayyo bifa galfataatiin akka nutti kenne beekuu
b. Guyyaa tokko fuula Waaqayyoo duratti waan nutti kenname akka gaafatamu beekuu
1Qor 4:7
c. Jireenya keenya jaalala isaaf gooftummaa isaa jalatti boojisiisuuun waan fedha keenyaan
goonu ta’uu isaa beekuu

Abbaa Galfataa Kana Ta’uun Akkamitti Danda’ama?


1. Kaayyoo Waaqayyoo isa bara baraatiif guutummaa guutuutti of laachuudhaan
Mat 13:44-46
2. Waan nutti kenname adda baasnee beekuu fi eenyummaa keenya dabalatee waan qabnutti
quufuudhaan. 1Qor 12:4-7
3. Abboomamaaf amanamaa ta’uudhaan. Mat 25:20-23
4. Ija baay’ee godhachuudhaan. Mat 13:23, Yoh 15:1-28

Kallattiiwwan Ittiin Galfati Nutti Kennaman


a. Jireenya mataa keenyaa geggeeffachuu, kennaawwan keenya, dandeettiiwwanii fi
namummaa keenya fayyaatti eeguuf kkf adaraa jedhamneerra. 1Qor 6:15-19
b. Akkataa itti fayyadamina Yeroo keenyaatiin. Far 90:12 Yah 4:13-17
c. Qabeenya kamiin illee ta’ee waan itti gaafatamummaa dhaan ooggannu hunda irratti
adaraa jedhamneerra.
❖ Qabeenya Ilaalchisee
a. Qajeelfama waaqayyoo hordofuu
I. Facaasuu fi haamuu Luq 6:38
II. Arjummaa fi fedha guutuudhaan kennuu Luq 21:1-4, 2Qor 9:7
III. Qajeelfama jireenya irraa hafaa 2Qor 9:8-11
b. Fakkeenya abboota darbanii hordofuu 2Qor 8:1-5

Page
27
GREAT COMMISSION MINISTRY

Maallaqa sirriitti oogganuuf dhugaawwan bu’uraa

➢ Maatii ofiif jalqaba waan barbaachisu baasuu. 1Xim 5:8


➢ Jaalala horiitiin qabamuu irraa of eeguu. 1Xim 6:7-10
➢ Geggeessaa kan gaafatu sadarkaa kennuu beekuu. 1Xim 6:17-19
➢ Safara nutti kennameen kennuu. 2Qor 8:12
➢ Geggeessaa hafuura qulqulluutiin kennuu. 2Qor 9:7

Maal Maalif Kennina?


1. Waldaa Kiristaanaaf. 1Qor 9:1-4
2. Iyyeessotaaf. Gal 2:10
3. Babal’isuu Wangeelaatiif. Filp 4:14-16
4. Namoota rakkoon mudateef. Gal 6:10

Jildii 4ffaa

SOCHII HAFUURAA BAKKA HUNDUMAATTI UUMUU

BOQONNAA TOKKO

ILAALCHA BARA BARAA KEESSA JIRAACHUU

Kaayyoon boqonnichaa:- Ilaalcha yeroo keessaa baanee ilaalcha bara baraa keessa akka
galludha.

Ilaalchi bakka gurguddaa lamatti qoodama:-

Page
28
GREAT COMMISSION MINISTRY

1. Ilaalcha Yeroo
2. Ilaalcha Bara Baraa

1. Ilaalcha Yeroo
✓ Beekumsaaf shaakala namaa irratti kan hundaa’e, fiixaan ba’umsa kan hin qabne.
✓ Waanuma jiruun walii galee kan jiraatu.

2. Ilaalcha Bara Baraa


✓ Waan hundumaa madaallii waaqayyoo keessaan ilaaluu.
✓ Waan Waaqayyo gatii guddaa itti kenne beekuu dha.
1Qor 1:20, 2:61Yoh 2:15, Ibr 11:13, Filp 3:20

Ilaalcha Bara Baraa Keessa Jiraachuuf:

➢ Wantoota kabajamoo ta’an beekuudhaan filachuudha. 2Xim2:15


➢ Gaafa hundumaa wantoota ilaalcha ol aanaa itti laannu filachuudha.
2Qor 10:3-6
➢ Duraan dursinee mootummaa Waaqayyoo barbaaddachuudhaan qabeenya
keenya iddoo dhokataatti walitti qabachuudhaan. Qol 3:1-3 Mat 6:20
➢ Amantiidhaan malee wantoota argamaniin deddeebi’uu dhiisuu. 2Qor 5:7

BOQONNAA LAMA

WAAQAYYO AKKUMA NU JAALLATE NUS NAMOOTA JAALLACHUU

1Qor 13:1-3

Jaalalli Afaan Giriikiitiin Bakka Sadiitti Qoodama

Page
29
GREAT COMMISSION MINISTRY

1. Iras:- miira irratti kan hundaa’u


2. Filiyaa:- walitti dhufeenya irratti kan hundaa’u
3. Agep:- jaalala waaqayyoo irraa maddu, jaalala dhuma hin qabne.
Yoh 3:16, Yoh 15:17, 1Tes 2:12

BOQONNAA SADII

MAALUMMAA SOCHII HAFUURAA BEEKUU FI SOCHII UUMUU

Sochii Jechuun:- jijjiirama dhuunfaa ykn jijjiirama saba tokkoo fiduuf warra kaan kanneen adda
baasan, ofii isaaniis qooda fudhannaa guddaadhaan kanneen socha’an garee uummata
ijaaramanii kallattii ilaalchaa tokko ta’een kaka’uudhaan dhiibbaa isaanii dursee kan
hundeeffame fi waan baramaa ta’e irratti dhiibbaa gochuudha.

Wantoota Ijoo Torba Sochii Hafuuraa Fiduuf Nu Gargaaran

1. Garee namoota ijaaramanii


2. Namoota kaayyoo tokkoof ijaaraman qabaachuu
3. Namoota ofii isaanii kennanii fi ilaalcha tokko qaban
4. Jijjiiramaaf kan qabsa’an
5. Ciminaan nama kan bakka buusan
6. Dhiibbaadhaaf kan jiraatan
7. Namoota waan baramaa ta’ee morman. 1Tes 1:5-8 Hoj Erg 4:1-8

Page
30
GREAT COMMISSION MINISTRY

Amaloota Bu’uuraa Sochii Hafuuraa


1. Tokkummaa kaayyoo
2. Tokkumm galmaa
3. Tokkummaa mul’ataa
4. Tokkummaa aangoo
5. Tokkummaa tooftaa
6. Of kennuu guddachaa deemu
7. Mala kamiinuu ija jabinaan itti fayyadamuu
8. Leenjii bifa salphaaf qulqul’aa ta’e duuka buutuu horachuu irratti kan xiyyeeffate.

Sochii Hafuuraa Uumuuf Tarkaanfilee Fudhatamuu Qaban


✓ Sagantaalee kadhataa yeroo adda addaatti adeemsisuu.
Yah 2:1, 1Tes 5:17
✓ Qajeelfama facaasuuf haamuutiin socho’uu. Fak 11:24, Gal 6:7-9
✓ Ija isa bilchaataa adda baasuu. Mat 19:16-30
✓ Duuka buutota wal baay’isan horachuu. 2Xim 2:2
✓ Of kenniinsa namoota dhuunfaa jajjabeessuu. Yoh 6:2
✓ Buufannaa Amanamummuu

Page
31

You might also like