You are on page 1of 123

Barumsa Dursa

Gaa’ela
Dargaggootaaf
I. Gaa’elli
Maali?
Adunyaa kana irraatti waantoota hiika adda-
addaa itti kennamu keessa tokko gaa’ela.
Biyyooni guddaanneerra jedhan gaa’eelaaf
hiika isaan kennan dogoggora qaba. Sababnii
isaa akka isaan yaadanitti, gaa’elli namoota
wal-jaallatan lama ggidduutti kan raawwatamu
dha, sababiin isaa akka hiika kanaatti
namoonni lama yoo wal jaallaatan saalaan yoo
wal fakkatan iyyuu rakko hinqabu yaada jedhu
of keessa qaba, kun akka macaafa qulqulluutti
hiika gaa’eelaa isa sirrii ta’uu hin dandaa’u.
Marriage according to Merriam-
Webster Dictionary

Marriage is:-
• The relationship that exists between a husband and a wife.
• A similar relationship between people of the same sex.
• A ceremony in which two people are married to each other.
1. Akka Macaafa Qulqulluutti gaa’ela
jechuun maal jechuu dha?

1.1 Dhaabata waaqayyo Hundeese dha.


• Gaa’elli dhaabbata isa jalqaba waaqayyo hundeessaa dha.
Akkuma sagaleen waaqayyoo nu barsiisu gaa’ela kan hundeessee
fi hundeen gaa’eelaa waaqayyoo dha. Yeroo kana jennu yaada
gaa’elaa kan maddisiisee, Waaqayyo ta’u isaa fi gaa’ellis kan inni
ittiin hundaa’e sagalee isatiin ta’uu isaa beekuun gaariidha.
Gaa’elli utuu dhalli nama cubbuutti hin kufin dura Jennata Eden
keessatti hunda’e. Waaqayyo gaa’eela yeroo hundeesse kaayyoof
akkeeka mataa isaatiin hundeessun isaa kan nama mamsiisu
miti. kaayyoo fi akeeka waaqayyoo gaa’eela ittin hundeesse
kana keessatti baldhinaan ni ilaalla.
• Uuma. 2:18
1.2 Dhiirri tokko fi dubarri /shaamarree tokko
kakuun tokko ta’uudha.
• Gaa’elli waaqayyo dhaabe kan dhiira tokko fi dubara /shamarree/
tokko gidduutti raawwatuudha. Gaa’ela saala wal fakkaata
gidduutti raawwatamu waqayyo ni ciiga’a. Yeroo ammaa waldaa
kirsitiyanaaf rakkoo guddaa ta’ee kan jiru gaa’ela sala wal fakataa
gidduutti raawwatamuudha. Kun biyya keenyaa keessatti ifatti
akkasumas waldaa kiristiyanaatiin raawachuu baatuus
dhoksaadhaan akka jiru ragaaleen tokko tokko ni mulisu.
• Uma. 1:27 Akka bifa waaqayyooti isa uume dhiiraa fi dubartii
isaan uume . kutaa kana irraa kan hubannu waqayyo dhiira
tokkoo fi dubara tokko uume malee saala walfakkaataa hin
uumne. Adaamii fi haadha manaa kennuuf jedhee lafee cinaachaa
isa keessa yeroo fuudhu lafee bayee jiran keessaa tokko qofa
fuudhe. Kun hiika guddaa qaba sabbabiin isaa nama tokkof
waqayyo nama lama hin kennu, nama tokko qofa kenna
isummaayuu salan garaa gara kan ta’an kenna.
1.3 Hanga du’aatti kan waliin jiraatani dha.
Gaalela waaqayyotu dhaabe du’a malee
homtuu gargar hin baasu.
• Sababni isaas kan waaqayyo tokko godhe namni
gargar hin baasiin jechuun abba mana fi haadha
mana waaqayyo tokko godhe, jaarsoliin biyyaa
gargar hin baasin, manni murtii gargar hin baasiin
jechuu dha.
• Mar 10:9 kanaafiis waan waqaayyoo walitti
qabsiise namni gargar hin baasiin isaaniin jedhe.
• 1Qor 7:39 Haati mana hamma abbaan manaa ishe
jiru tti seera gaa’elaatiin isaatti hidhamtee jiraattii.
1.4. Gaa’ellii akka sagaleen waaqayyoo
jedhuuti keennaa waqayyoo biraa namaaf
keennamudha.

• Kennaan:-
• Hin tuffatamu,
• ni jaallatama,
• ni kununfama,
• Qaami siif keennes ni galateefama.
• Fak 18:22 Namni haadha manaa isaaf taatu
argatu wanta gaarii argata, waqayyo biraas
ayyaana argata.
1.5 Namaaf waaqayyo duratti dhuga-
ba’umsa kan Jech
qabu dha.
uun :
• Gaa’elii - namoota
dhaabbata fuula durati mul’ataa dha.
Akkuma kanas immoo fulla waaqayyoo durati illee
mula’aataa ta’uu isaa beekun barbachisaa dha. Waaqayyo
yeroo hundumaa gaa’elaa tokko qofaan nu beeka. kana
hubachuuf Abraahamii fi Saaraa ilaaluun gahaa dha. Innis
waan sodaataniif obboleessaa fi obboleetti walii ta’uuf
murteeffataniiru garuu waaqayyo itti walii hin galle.
• Sababni isaas waaqayyoo gaa’eela tokko qabaachuu isnii
beeka malee obboleessaa fi obboleetti ta’uu isaanii hin beeku.
Uuma 20:7 amma haadha mana namichaa galchiif!
“Jedha /Abimelek fi Abrahaam/ kanna jechuun kaakuun nuti
godhannu waaqayyo duratti beekamtii qaba, qubeelaan nuti
godhannu nama fulduratti akkasumas, waaqayyo durats
mulataa dha jechuudha.
1.6. Fakkeenya waldaa kiristyanaa fi kiristoos
gidduu jiru kan mul’su dha.

Efe 5:32
• Akka dubbiin waaqayyoo jedhutti
waldaan misirroo akka taate,
Kiristoos immoo misirricha akka
ta’e nu barsiisa.
• Dubbin kun dhoksaa gad fagoo of
keessaa qaba, inni wa’ee kiristoosiif
waa’ee waldaa kiristyanaa ni
dubbata jechuu kooti.
Dhoksa gad-faggoo inni of keessaa qabu:-

• A. Akka waldaa kristaana bu’aa dhagna kirstoos taate,


haati manaa bu’aa dhagna abbaa manaa isheetti (Uma 2:23)
• B. Akkuma kristoos fi waldaan kirstyanaa tokko taate,
haati manaa fi abbaan manaa foon tokko ta’uu kan
mirkaneesudha.
• C. Akkuma kristoos waldaa kristaanaa jaallatuuitti abbaan
manaa haadha manaaisaa jaalachuu qaba.
• D. Akkuma waldaan kristaana kristoosiif abboomaamtu
haati-manaa abbaa manaa isheet haa abboomamtu.
• E. Akkuma kristoosiif waldaan kristaana gargar hin bane
haati manaa fi abbaan mana gargar hin ba’an.
2. Gaa’elaa fi Baabura yoo wal-bira qabnee ilaalle

Yeroo kana jennu gaa’elliif baaburri tokko jechuu keenya utuu


hin ta’iin, akkamiin wal ibsuu isa jedhu akka ilaaluuf
• 1. Hadiidin baaburaa ciima fi jabaata dha
• Hundeen gaa’elaas waaqayyoo isa hundumaa danda’uu dha.
• 2. Baburii hadiidaan ala adeemuu hindanda’u.
• Gaa’ellis sagalee waaqayyoon ala ba’u hin danda’u.
• 3. Baaburrii gara boodati deebi’uu hin danda’u
• Gaa’ellis si’a tokko erg itti seennee boodaatti dubi’uun hin
danda’amu.
• 4. Baaburri furgoo baayee harkisee adeema
• Gaa’ellis akkuma kana itti gaafatamummaa hedduu of
keessaa kan qabuudha.
• 5. Baaburri walqabatee adeema
• Kun walitti dhufanya yaa’ela gidduu jiruu mullisa.
3. Baaburrii gara boodati deebi’uu hin danda’u
– Gaa’ellis si’a tokko erg itti seennee boodaatti
dubi’uun hin danda’amu.
4. Baaburri furgoo baayee harkisee adeema
– Gaa’ellis akkuma kana itti gaafatamummaa
hedduu of keessaa kan qabuudha
Babuurii Hadiidaan ala
demuu hindanda’uu, gara
boodatiis hin debbi’uu
Babuurii Hadiidisa
ba’ee ciima waan
ta’eef nama amma
kana bayyetuu batee
demuu ni danda’aa.
3. Gaa’ela keessatti wantoota guutamuu qaban
sadiitu jiru.
Uma 2:24 kanaatis dhiiri abbaa isaa fi haadha isaa ni
dhiisa haadha manaa isaatis ni maxxana isaan
lachanuus foon tokko ni ta’u.
• 3.1 Dhiisuu
• Dhisuun kan mul’su ifatti abban manaa fi haati
manaa miiraan maati isaani gargar ba’uu kan
mulisuudha kana keessatti mal dhiisu?
• Fedha ofii
• Mirga ofii
• Maatii ofii
• Hirryaa ofii
• Ana ana jechuu ofii
3.2 Maxxanuu
• Maxxanuu jechuun kakuu gaa’elaa
keessatti galan fixaan baasuuf walitti
dhufeenyaa isaan waliin qabatanii fi
jireenya isaan waliin qaban kan
argisiisuudha.
• Yaadaan tokko ta’uu
• Waliif jiraachuu
• Walii galuu
• Waaliif yaaduu
3.3 Foon tokko ta’uu
• Foon tokko ta’uun yeroo jennu kakuu
gaa’eela keessatti galan fiixaan
baasuufi walquunmtii saalaatiin
uumurii isaani guutuu tokko ta’uu
isaanii kan ittiin mulisaniidha.
• Bu’aan tokko ta’uu isaanii dhala
argachuu isaniitiin firiitti jijjirama.
• Uma 2:24 isaan lachanuus foon
tokko ni ta’u.
II. Kayyoo Gaa’elaa
4. Gargaaratuu uumuu
• Kaayyoo gaa’elaa yeroo jennu kaayyoo
waaqayyoo itti gaa’ela hundeesse jechuu
keenya dha. Kaayyoon waaqayyoo
gaa’ela itti hundeesse keessa tokko
gargaartuu uumuudha. Sababnisaa
namni qafaa ta’uun gaarii mitti kan jedhe
waaqayyo dha. Isa waaqayyo gaaru mitti
jedhe namni gaariidha jechuu hindada’u.
• Uma 2:18 Namichi qofaa isaa ta’uun gaarii miti
kan akka isaatii kan isa gargaartuu ani isaaf nan
tolcha jedhe
4.1 Gammachuu foonii uumuuf
Akka sagalee waaqayyotti kun ta’uu kan danda’u gaa’ela
keessatti fooniin tokko ta’uudhaan. Fooniin tokko ta’u
jechuun kakuu gaa’ela keessa galanii wal- quunamtii
saalaatiin tokko ta’uu isaanii kan ittiin mul’isani dha. Foon
tokko ta’uun kan inni eeyamanru gaa’ela keessatti qofaa
dha. Kun eebbaa waaqayyoo isaaniif kennee dha. Foon
tokko ta’uun hin jiru tanaan gaa’elli hin uumamne jechuu
dha.
• Uma 2:24 Isaan lachanuus foon tokko ni ta’u.
• Fak 5-18-19 Burgaan kee eebifamaa haatau haadha mana qeerrummaa keetii
wajjin gammadi isheen jaallatamtuu akka borofaa sanbo qabeettii akka garu
pheetis.
• 1Qor 7;5 wal bira ga’uua wal hin didiinaa, isa boodlee of qabuu dadhabuu
keessan irraa kan ka’e immoo seexani isin qoruu dhaaf karaa akka hin
argannetti deebifdniis wal bira ni geessu.
4.2 Waliin jiraachuuf

Eebba gaa’elaa keessaa inni tokko


jireenya qofummaa keessa ba’aanii
waliin jiraachuudha. Barumsa fagoo
malee gaa’elli fagoo rakkoo uuma.
• 1Qor 9-5 akka keetaas nuti immoo niitii
amantee iddoo hundumaatti wajjin adeemuun
nuuf hin ta’uuree?
• 1Phe Dhiirota nama dubartoota keessaniif
beekaatii wajjin jiraadha.
III. Eebba Gaa’elaa

Eebba gaa’elaa jechuun namni tokko


erga gaa’elaa keessa galee booda waan
waaqayyo feedha isaatiin kennuuf
jechuudha. Kana irratti hubachuu kan
nuuf malu eebbi gaa’elaa jiraates
jiraachuu baatus gaa’elli sun itti fufa
mee eebba gaa’elaa keessa muraasa
waliin haa ilaallu.
5. Horanii baayachuu.
• Horanii haay’achuun kaayyoo gaa’elaa osoo hintaane
eebba gaa’elaati sababnisaas horanii baay’achun
yoojiraachuu dhabaates gaa’elli ni jiraata nbiman horanii
bayy’achuu hindaadeenye gaa’ela keessa waliin
jiraachuun ni danda’u.
• Far 27 Ilaa ijoolleen kennaa waaqayyooti dhala
argachuunis bu’aa inni namaaf kennuudha.
• Uma 1:28 waaqayyoo isaaniin horaa baayadhaas lafa
guutaa isaaa harka jala galfadhaa!
• Kaaratti kan hubachuun nuuf ta’u horaa horaa
baay’adhaa jechuun isaa akka qofaa keenya horee
baayaannu osoo hintaane waliin akka horree
baay’anuu dha. Kanaafuu qusannaa maatitti
fayyadamuun cubbuu mitti
IV. Hiriyaa Gaa’elaa akkamiin filadhu?

Hiriyaa gaa’ela akkamiin filadhu


gaafiin jedhu yeroo bayyee namoota
gaa’ela hindhaa bbanne irraa ni
dhagahaama .Hiriyaa gaa’ela
filachuu jechuun isa waaqayyo
naafilate akkamiin adda baafahu
jechuudha. Kan adda baafachuuf
gabixxiilee armaan gadii
hubannadhan ilaalii:-
1. Qajelfama waaqayyoo bira fudhachuu:-
Qajelfama waaqayyoo biraa fudhachuu jechuun
akkaataa sagaleen waaaqayyoo jedhuun
geggeefamuu jechudha. Waaqayyoo qajeelfama
kan inni kennu karaa sagalee isaat qofa ta’uun
isaa beekamadha.Kana irratti hubaachuun kan
nuuf malu qajeelfama waaqayyo irraa
fudhaachhuu jechuun gaa’ela jecha rajoonni
dubbataniin dhaabbaachuu jechuu miti. Gaa’elli
dhabbachuuf jiru sirrii ta’uu fi ta’uu dhiisuu isaa
kan nuuf mirkaneessu raajota utuu hin taane
sagalee waaqayyo qafaadha.
• Yeroon kana jedhu waaqayyoo gonkuma karaa raajoota hin dubbatu jechuu koo miti dubbachuu ni danda’a yoo dubbate iyyuu kan inni ittiin qoramee ilaalamuu sagalee waaqayyottiin ta’u beekuun gariidha.
• Isa 48:17, 1Yoh 4:1
1.1 Bareedina alaa osoo hin taane bareedina keessa
irratti xiyyeeta.

Amala dhala namaa keessaa bareedina keessaa


caalaa kan nama harkisu bareedina alaati. Yeroo
kana jennu bareedina bakke/ala/ hin barbaachiuu
jechuu mitti. Xiyyeefannoo guddan bareedina
keessaa irraatti ta’u qaba jechuu dha.
• 1Phe 3:3-4
• Fak 31:30-31
• Kutaa sagalee waaqayyoo kana keessatti waaqayyoon
sodaachuun bareedina keessati mootiin Daawiti akka inni
gowoofame Bershaabeh wajjiin cubbutti kufu kan isa taasisee
bareedina alaan mul’atuun waan boji’ameef.
Gaaélli midhgina bakkeen mula’tu irraatti
kan huddaa’u miti.
1.2 Jaalalli Dhugaan jiraachuu isaa
mirkaneeffachuu.

Gaa’ela dhaabbachuuf waan nuti mirkaneefachu


qabunu keessa inni hangafaa jaalala dhugaa waliif
qabachuu dha.
• Ammala Jaalallaa dhugaa:-
• Jalaalli dhugaan kun isa onnee irraa madde miraafi haalana kan
hin dhaabbaanne ta’uu qaba.
• Innis boqonnaa fi nagaatu namatti dhaga’ama malee fedhi
foonii duwwaan namatti hin dhaga’amu.
• Nama hinjeequ namas hin maraachuu sababni isaa miraan hin
oganamu.Kun jaalala keessaa onnera foxxoqee mul’atuu dha.
Amala Jaalala sobaa:-
• Sababni jaalala dhugaan jiraachu mikameeffachuun
barbaachiseef jaalalli soba bayyeen waan jiruuf. Namoonni tokko
tokko jaalala dhugaa utuu hin qabaatiin jaalala kee irraa kan ka’e
midhaan naaf nyaatamuu didee, bishaan na dhugamuu didee
jedhu.
• Kun soba ta’uu isaa baruun gaarii dha. Sababni isaa jaalalli
dhugaan akka dhahaa galanaa tasa kan namarra yaa’u utuu hin
taane wal baruu fi walitti dhihaachuu dhaan kan uumamuu fi kan
guddatu ta’uu isaa beekuun barbaachisaadha.
• Inni kan biraan jaalala dhugaa jechuun jaalala haala irratti hin
hundoofnee dha. Gaa’elli jaalalan hundaa’a; gaa’elli jaalalarratti
hin hundoofne dhaabachuu hin danda’u jaalalli kunis jaalala
lamaan isaanirraa madde ta’uu qoba.
• 1Qor 13:4-8 …Jaalalli Yoom iyyuu hin bodu.
• Uma 24;56-58 … mee intala waamnee wanta isheen jattu ni
gaatanna jedhan. Ribqaanis …… eeyyee nan dhaqa jette
• Inni kan biraan jaalala dhugaa jechuun jaalala
haala irratti hin hundoofnee dha. Gaa’elli
jaalalan hundaa’a; gaa’elli jaalalarratti hin
hundoofne dhaabachuu hin danda’u jaalalli
kunis jaalala lamaan isaanirraa madde ta’uu
qoba.
– 1Qor 13:4-8 …Jaalalli Yoom iyyuu hin bodu.
– Uma 24;56-58 … mee intala waamnee wanta isheen
jattu ni gaatanna jedhan. Ribqaanis …… eeyyee nan
dhaqa jette
1.3 Amantaan tokko ta’uu
• Namin kiristoositti amane tokko hiriyaa gaa’ela
filachuu keessatti waanti inni /isheen of
eeggachuu qabu/du amantaan tokko ta’uu
mirkaneefachuu dha. kufaatiin namoota baayeef
sababa kan ta’e keessaa tokko namoota hin
amannee wajjin akkaataa hin taaneen walitti
michoomuudha. Akkuma kanas namoota hin
amanne yoo kaan gooftaa yesuusiin hin beeknee
wajjin ga’ela dhaabachuu dha.
• 2Qor 6: 14-18
• 1Mat 11: 4
• Kes Deeb 7:2-3
1.4 .Saalaan gargar ta’u qabu.

• Yeroo amma kana qorannoon garaa- garaa


akka argisiisutti waldaan kiristaana rakko
guddaa keessa jirtti. Sababiin isaa hojii ishee
irraa eegamuu yeroon waan hin hojjeeneef
gaa’elli saala wal fakkaatu gidduutti biyya
alaati dhiiraa fi dhiira gidduuttis, dhalaaf
dhalaa giddutti rawwataama jira. Kun abarsa
dha.
• Rom 1;26-28
• Lew 18:22
1.5. Fedhiin garaa guutuu jiraachuu isaa
mirkaneeffachuu
• Gaa’elli fedhii namoota walii galan lamaan
irratti kan hundaa’e malee dhiibbaa gam -
tokkoon godhamu qafaa miti. Kana yeroo
jennu dhiibba maatiii, hawaasni, raajonni
sabduun kkf godhan irratti hinhundda’u.
waaqayyo gaa’ela irraatti eenyyuunu hin
dirqisiisuu, amoonni nu dirqisiisuu
borbaadan namoota fedhii mataa isaani
maqaa waaqayyotiin galmaan go’achuu
barbaadaniidha.
• Uma 24:58, 1Qor 7:39
1.6. Firoomni dhiigaa akka hin jirre
mirkaneeffachuu.
• Gaa’ela fira dhiigaa wajjiin hundeessuun
ija waaqayyoo fi ija seeraa duratti nama
gaafachiisa. Kanaafuu gaa’ela dhaabuun
dura firooma dhiigaa akka hin qabne
mirkaneefachuun barbaachisaadha.
• Lew 18:6
• Seera ittiin bulmaata biyya keenyaa
keessatti key.8,9 irratti dhiigaa wal-
fuudhuun seeraan akka nama
gaafachiisu ifaan ta’ee jira.
1.7. Boqonnaa garaa irraa fi nagaa keessaa
qabaachuu mirkaneeffachuu.
• Namoon baay’een gaa’elaaf yeroo
waliif galan murtoon isaani sirrii
ta’uu kan ittiin mirkaneeffatan
keessa tokko boqonnaan garaa irraa
ta’ee fi ngaa qabaachuu isaanii
mirkaneeffachuu qabu. Kana kan
mirkaneessuuf hafuura qulquulluu
isa isaan keessa jiruu dha. [Uma
Hiriyaa gaa’elaaf filachuu keessatti wantoota
nama dogoggorsan:-

• Namni yeroo uumuriin isaa ga’u hiriyaa


gaa’elaaf taatu/ta’u ni filata/tti.
Hiriyaa gaa’elaa filachuu keessatti of
eeggannooleen godhamu qaban hedduutu
jiru. Isaan keessaa wantota tokko tokko
waliin ilaalla. Waantootni akka nutty
filannoo sirrii hin filaanne gadhan:-
• 1. Dhiibbaa maatii:- Maatiin karaa tokkoos karaa
biraas filannoo keenyarratti dhiibbaa ni geessisu. Fkn
maatiin waadaa waliif galuu, jechoota hamilee nama
tuqan dubbachuudhaan namootni gaa’eela dogoggoraa
keessa akka galaniif sababii ta’u Gaa’elli filannoo
mattiin kan raawwatamu utuu hin taane fedha namoota
wal jaallatani irratti kan hundaa’uu dha .
2. Oolmaa:-
• kunis gaa’eela dogoggoraa keessa wantoota nama galchan
keessa isa tokko. Jechuunis namni nu gargaare oolmaa
lakkaa’achuutiin gaa’elaaf gaaffii dhiyeessa, yeroo sana
diduuf human dhabna. Kanaafuu dargaggesi shamerreen/
tokko yeroo oolmaa siif ooltuu /oolu maaliif jedhanii
jabeessanii itti yaaduun gaariidha. Maaliif gara filannoo
dogoggraatti nama geessuu danda’a waan ta’eef .

3. Rakko dinagdee:-
• kun namoota baay’ee kan dogoggorse keessaa tokkodha.
Sababnisaas namootni hirina qabaniif jecha namoota isaan
gargaaraniitti siqu. Wallitti dhufeenye kun gara gaa’elaatti
jijjirama. Asirratti beekuun kan nuuf malu lamaanuu kan
waliitt fide jaalala osoo hin taane faayiidaadha. Kanaaf
fayidaan sun yoo dhibaane gaa’elichi diigamu danda’a.
4. Ijaa ba’uu:-
• Namni tokko nama tokko jaallatee erga yeroo
dheera dabarsaniin booda sababii garaagaraatiin
gargar ba’u Nama irraa gargar ba’an hinaafsisuuf
ariitiidhaan nama kan biro wajjiin gara gaa’elaatti
seenu. Kunis gaa’ela jaalala irratti hunda’e osoo
hin taane hinaafsisuuf jecha kan raawwatameedha.

5. Carraa biyya alaa:-


• Namoon yeroo bayyee alaa bane ni jijjiramna
jedhanii waan yaadaniif gaa’elaan qabatanii alaa
ba’uu barbaadu kunis gaa’ela jaalaalarratti
hunda’e osoo hin taane waan gara fuul duraa
abjoochuudhaan dhaabbatedha.
6. Jaalala sobaa:-
• Jaalalli kun jaalala sabaa kan isa jechisiisee waan jaallate
fakkaatee mul’achuudhan gara gaa’elaatti kan seenamuudha.
• Abo 16:1

7. Jaalala waan Alaan Mul’atuu irratti hundaa’e:-


• Inni kun qaama nama tokko waan alaan mul’atu aalanii jaallachuudha.
Akka fakkenyatti fuula, rifeensa, teesuma namaa fi kkf ilaaluun miiraan
qofaan geggeefamuun jaalachuudha. Jaalalli akkasii waanti barbaadan
sun yeroo hir’atee argamu jaalalli isaaniis duukaa hir’ata ykn bada.
• Fak 31:30

8. Hawwii gar malee:-


• Namootni kun waan hawwanii nama jaallatan qabu waan hawwan sana
erga argataniin booda jaalalli isaanii ni bada. Fkn Aminnoon fi Tiimear
• 2sam 13
9. Jaalala haala irratti hundaa’e
• Jaalalli kun haala namni jaallatamu sun keessatti
argamu irratti hundaa’a. Waan inni ittiin jaallatame
yoo bade jaalali nama sanaas ni bada.
10. Raajii sobaa:-
• Bara kana keessa Raajotni sobaa bara itti ka’anii
namoota hedduu walii walaalchisaa jiraaniidha.
Waan waaqayyoo hin jenne jedheera jechuudhaan
gaa’ela dogoggoraatti namoota baay’ee galchaniiru.
Gaa’elli ergaa sobaan dhaabbate waaqayyoo bira
waan hin taaneef itti fuufinsaa hin qabu
11. Abjuu dogoggoraa:-
• Namootni abjuu arguu danda’u. Abjuu arganiin
gaa’ela dhaabbachuuf yaaluun dogoggoratti nama
geessa. Sababnisaas abjuun baayiina dadhabirraa
dhufuu akka danda’u sagaleen waaqayyoo ni
dubbata. Nuti xiiyyeffannan keenya sagalee
waaqayyo irratti ta’uu qaba malee, nama abjuun
argine hunda waaqayyootu natty argisisee jenna
taanaan akka mootii solomoon haadha manaa hedduu
qabaachuuf jirra jechuudha. Kanaafuu abjuu argan
irratti hirkachuun dogoggoratti nama geessa.
• Lal 5:3 Baayinni hojii abjuu namatti fida.
• Lal 5:7 Abjuu baay’ee fi dubbii baay’ee keessa
wanta waa’ee hinboofnne baay’eetu jira.
12. Mallattoolee dogoggoraatti Fayyadamu:-

• Namootni tokko tokko gaa’elaaf mallattootti


ni fayyadamu . kunis gaa’ela dogoggoraatti
nama galcha. Fkn nama karaa mirga kooti
taaksii keessa na bira teesse haadha mana koo
akka naaf taatu jedhee namni mallattoo yoo
haawwate namni karaa mirgaa isaa teesse
immoo manguddoo waggaa 60 yoo ta’an
maal godha? Kanaafuu mallattoolee gara
garaa fiyyadamuu irraa of qusachuun
gaariidha.
13. Dhuga-Ba’umsa namootaa:-
• Inni kunii namnni wa’ee keenya kana argeera,
kana dhaga’eera, waan isaan jedhanii nuti himan
akka waan dhugaa ta’eetti fudhaachuu.
• Inni kunis dogoggoratti nama galcha; sababnii isaa
namoonnii dhageenyeerra argineerra, jedhanii
sobanii nuttii himani yoo ta’e waan ittiin
mirkaneeffannu hinqabnu.
• M. Lal. 5: 3; 5: 7
14. Hamii:-
• Namootiin kun akka waan hamamataamaniitti
odeeffannoo dhaga’an irratti huda’aanii waan
hamataman sana dhugoomsuuf gaa’ela dogoggoora
keessaa galu.
V. Sababoota Namootiin akka gaa’elatti hin
galle godhan.
1. Ulaagaalee baay’suu:-
• Namootni baay’een ulaagaa waan baay’isniif ulaagaa isaanii
guutummaan guutuutti kan galmaan ga’u waan hin arganneef
gaa’ela malee hafu. Waan hubachuun nuuf malu Addunyaa
kana irra dhibbaan dhibbatti ulaaga keenya kan nuuf guutu
hin jiru.garuu namoota hirina qaban lamatu walitti
dhufudhaan guutuu ta’anii argamu. Fkn bifa hojjaa sadarkaa
barnoota, amala fi kkf.
2. Gaa’ela sodachuu:-
• warrii kaan immoo odeeffannoo wa’ee gaa’elaa dhaga’anii fi
argan irratti hunda’uun gaa’elli hubdumtuu akkuma arganii fi
dhaga’an se’u. kara rraa kan ka’e gaa’ela irraa fagaatu.
3. Ija jabinadhabuu:-
• Namootiin kun soda nama jaalalatanii gaafachuu waan
qabaniif nama jaallatan sana utuu hin gaafatiin hafu.
Nama isaan jaalatan gaa’ela Yeroo isaan ga’eraisaan garuu
sababii sodaa isaanii gaa’ela hin dhaabatiin hafu.

4. Gaa’ela akka mana hidhaatti ilaalu.

• Namoon tokko – tokko gaa’ela dhaabachuun mirga


ofii dhabuudha, kiyyootti of galchuu dha,
jechuudhaan gaa’elarra fagaatu
5. Ganamuu:-
• kun nama jaallataniin yeroo ganaman namni hundumtuu akka
nama sana gantuu jedhanii yaadu irraa kanka’e gaa’ela osoo hin
dhaabbatiin hafu.
6. Humna dhabuu:-
• Warri kun gaa’ela dhaabbachuuf yeroom isanniif mijatee osoo
jiruu sababii qarshii dhabuurraa kan ka’e gaa’ela osoo hin
dhaabbatiin hafu.
7. Gaa’elaaf dursa kennuu dhiisuu:-
• xiyyeeffannan namoota kanaa gaa’ela osoo hin taane wantoota
garaagaraa irra waan kaa’aniif isa barbaadan sana yeroo argatan
gaa’elatti seenuu barbaadu garu akkataa barbaadaniin waan hin
arganneef gaa’ela malee hafu. Waan barbaadan argatanii
gaa’ela barbaadan immoo dhabu(fkn Barnoota,
qabeenya,maati gargaaruu….)
8. Gaa’elaan dura shaakala wal-
quunnamitti saalaa rawaachuu:-
• Daloota kana keessatti rakkoon guddaan jiru
gaa’elan dura walquunnamtii saalaa
raawwachuun waan eeyyamame fakkaata,
namoonni cubbuu akkasii keessa seenana
waan barbaadan tokko utuu gaa’elatti hin
seeniin waan argataniif gaa’ela waaqayyo
dhaabe ira ni fagaatu.Namootni akkaii amala
namoota baay’ee waan arganiif tokkotti
gammadanii jiraachuu hin dandani kanaafis
gaa’ela malee hafu.
9. Ofitti amantaa dhabuu:-

• Namootiin akkanaa ilaalchi


waa’ee mata saaniif qaban gadi
aanaa waan teef ani gaa’ela
dhaabbachuu hin dada’u yaada
jedhu qabu.
10. Luuxii /Homosexual/
• Namootni akkanaa gaa’elaa isa waaqayyo
dhaabeen ni mormu wal quunnamti saala wal
fakkaatu in deeggaru. kanerraan kan ka’e gaa’ela
isa waaqayyoo dhaabe ni mormu.
• Yeroo kaadhimummaa akkamitti dabarsina?
• 1. Jireenya hafuura walii qarachuu jireenya
kadhannaa wal-qorachuu mana Amanta wali-
qorachuu jireenya tajaajila walii qorachuu
• 2. Jireenya hawwasummaa walii qorachuu
• Haala maatii
• Haala itti guddatan
• Walitti dhufeenya namootaa waajjin qabnu.
Yeroo kaadhimummaa akkamitti dabarsina?

• 1. Jireenya hafuura walii qarachuu jireenya


kadhannaa wal-qorachuu mana Amanta wali-
qorachuu jireenya tajaajila walii qorachuu
• 2. Jireenya hawwasummaa walii qorachuu
– Haala maatii
– Haala itti guddatan
– Walitti dhufeenya namootaa waajjin qabnu
3. Fayyummaa qaama wal hormaataa
qorachuu.
• Rakkoo uumamaan ykn balaa isaan mudate irraa kan
ka’e miidhaan qaama saalaa isaanii irra ga’uu ni
danda’a.
• Inni kan biraan immoo wayitii dargaggumaa
mallattoleen nama fayyaa buleessa tokko irraa
mulachuu qabu irraa mula’achuu isaa
mirkaneeffachuu qaba.
• Fkn- kan shamarrani Yeroo uumurii dargagguma
irraa geessu Laguu/ menstruation/ irra mula’achuu
qaba
• Kan dhiiraa qamni saalaa isaa ka’uun dangala’aan
sanyii kormaa /sperm/ jedhamu ba’ee mul’achuu
qaba.
• Umuriin gaa’elaa waggaa 18 ol ta’uu qaba.
4. Haala dinagdee walii qorachuu
• Galii dhaabbataan jiraachuu isaa hubachuu
• Qabaa maallqaa beekuu.

5. Xiinsammuu walii qorachuu


• Gaa’ela dhaabbachuuf qophii ta’uu isaanii
mirkneeffachuu
• Fedhii fi amala walii – walitti himuu.
• Waan jibbaaniif waan jaallatan ifa waliif
gochuu
• Waan sadaatan yoo qabaatan dubbachuu
VI. Amala nama tokkoo Beekuun attamiin danda’amaa?

Gareen dhiigaa eenyummaa namaa


baruu keessatti ga’ee mataa isaa qaba.
Kanaafu dhiigaa nama tokko baruun
amala nama sana baruu keessatti
murteessaa waan ta’eef gartuu dhiigaa
nama sanaa baruun nubarbaachisa. Kun
waan sayinsiin mirkanaa’e keessa tokko
waan ta’eef yoo nu gargaaree itti
fayyadamuun garidha.
1. Gartuu dhigaa “O” Positve 38%

• Dandeetti kalaqaa qabu.


• Ofitti amanaammummaa qabu.
• Beekamtii barbaadu
• Qalbi namaa harkisuu barbaadu
• Hariiroo hawaasummaa gaariiqabu.
• Namoota kakaasuu ni danda’u.
• Yaadaan mo’atamuu hin barbaadan
• Araadaaf dafani saaxilamu
2. Gartuu dhiigaa “O” Nagative 7%
• Dandeettii kalaqaa olaana qabu.
• Uumamaan dandeetti geggeesummaa
qabu
• Dandeetti waa abuuruu olaanaa qabu.
• Hojii uumu danda’u
• Gareen isaanii keessatti beekumsaaf
ogummaa qabaniin ni dinqisiifamu
• Garuu namoota inaaffaa qabaniin ni
jibbanu.
3. Gartuu dhiigaa “A” Positive 34%
• Nama ni amanu Raagaa bayyee hin barbaadan
• Amanammoodha
• Hawwii gaarii qabu wanta gaarii ta’e hojjechuu
danda’u.
• Guutumaan guutuutti sirrii ta’uu barbaadu.
• Qabbaanaawoo fakkaatu garuu mira jabaa qabu.
• Salphaatti miirri isaanii tuqama
• Hojjetoota cimnidh, waan hojjetan xumuruu barbaadu.
• Dandettii aartii qabu.
• Miira olaantummaatu itti dhaga’ama
• Humnaan waa mo’achuutti amanu
4. Gartuu dhiigaa “ A” Negative 6%
• Iftoomina qabu
• Amanamoo dha
• Hiriyyummaa gaarii uumuu danda’u
• Ofitti amanamummaa qabu.
• Wanta isaan ilaallatu ykn hojii isaanii sirriitti
fiixaan baasu.
• Arii keessaa isaanitti dhokfachuudan da’u.
• Hojii isaanii irraatti ga’umsa qabu.
• Dargomaa ta’uus danda’u
• Bakkee isaaniitiin qabbanaawoo fakkaatu.
• Bakkeen isaaniif keessi isaanii tokko miti.
5. Gartuu dhiigaa B Positive 9%

• Fedhii guddaa qabu


• Galma isaani irratti xiyyeeffatu
• Wanta jalqaban yeroo isaaniif kennametti
ni xumura.
• Jireenya keessatti karaa mataa isaanii
filatu.
• Dantaa mataa isaanii irratti xiyyeeffatu
6. Gartuu dhiigaa B negative 2%

• Fedhii baay’ee jabaa qabu.


• Galma baay’eerraatti xiyyeeffatu
• Xiyyeeffannoo namoota keessa galuu hin
barbaadan
• Ejjennoo gudaa qabu.
• Boodarra dogoggora isaanii fudhattuu
• Wanta jalqaban hin xumuran
7. Gartuu dhiiggaa “AB” Posetive 3%
• Amanamoo dha
• Eenyummaa lama /dual personality/
qabu.
• Namoota gargaaruu jaallatu
• Of itti amanamummaa qabu.
• Garuu ejjennoo isaanii irraa dafanii
gara galu.
• Ofittummaa qabu
• Murtoo kennuf ariifatuu
8. Gartuu dhiigaa “AB” Nagetive 1%
• Waa isaan hin dinqu
• Amanamoo dha.
• Nama amantaan irratti gatamuu danda’u dha
• Eenyummaa addaa- addaa waan qaban fakkatu.
• Namoota gargaaruu jaallatu.
• Ofitti amanammummaa qabu, garuu ejjennoo
isaanirra dafani gargalu.
• Amala jeeqamaa fi jijjiramaa qabu
• Amala isaanii fulmaamuun rakkisadha.
9. Gartuu dhigaa ‘RH’ factor
• kan jedhamu yeroo baayee rakkoo wal
dhabdee gaa’ela keessatti nama mudatuuf
sababa guddaadhaan.
• kunis namoonni lama yemmuu gara
gaa’elatti dhufan, isaan keessaa isheen
dubaraa yoo “RH” Nagative ta’e dhala
gudhaachuu irraatti rakko amaa qaba.
• Mucaan jalqabaa yoo gargoorsa mana
yaalaan ta’e malee godhachuu hin danday
kanaafis ogeessaa man yaalaa marsiisuum
barbaachii saadha.
VII. Iftoominaan Mari’achuu
Yaadii maree isaniis:-
• Gaa’elli kanaan dura dhaabbatee yoo jiraate
• Daa’imni duran dhalatee yoo jiratee
• Ilaalcha cidhaaf qaban irraatti mori’achuu
• Ilaalcha ogummaa namootaaf sanyiidhaaf qaban
irraatti mariachuu Fkn ogummaa harkaa ( handc
sibilatanuu wayyaa hodhuu.
• Ilaalcha afaan irratti qaban irratti mariachuu
• Durbummaan badee yoo jiraatee iftoominaan
mari’achuu.
VIII. Walumaa galatti yeroo kaadhimuma

Yeroon Kadhimummaa:-
• Yeroo itti wal-baran
• Yeroo itti dadhabinaa fi cimina walii gargar baafatan
• Yeroo itti waldaa kiristaanaa irraa barumsa gaa’elaa
baratan
• Yeroo itti cubbuu ejjaa irraa fagaatan
• Yeroo kanatti walitti dhufeenya isaan qaban addaan
cituu ni danda’a.
• Yeroo kaadhimummaa keessatti qaama gorsituu ta’ee
waldaan kan beektu nama qabaachuun kan filatamuu
ta’a.
IX. Durbummaa /virginity/

Durbummaa:- jechi jedhu dubara qofa


kan argsissdha garu jechi afan englifaan
virginity jedhu dhiira dubaraa hin beekne
dubarra dhiira hin beekne jechuu dha
Hikinni inni sirrin isa afan inglifaan
bareefemedha asi irratti kan hubachuun
nuuf malu isa kan dhiraa beekuun
rakkisaadha. Fkn maariyaamii fi Yoseef (
Luq 1:27) Maariyaam Yoseefii wajjiin
uttuu wal bira hin ga’iin hafuura
Qulquuldhaan ulfoofte.
Gosa Durbummaa.

A. Durbummaa sadarkaa 1ffaa kun 5% ta’u


• Durboonni akkasi uumamumaan durbummaa kan
hinqabne dha
• Wal-qunnamtii saalaa waan raawwataniif miti
uumamumaan hin qaben.
• Yeroo jalqabaaf wal quunamtii saalaa yeroo
raawwatan miira dhukkubbuu xiqaatu itti
dhagahama.
• Dhiigni mul’atu hin jiru
• Durboota akkasi uumamni biyya keenya isaan hin
hubatu akka isaan ulfina isaani dhabanitti lakkaa’u.
B. Durbummaa sadarkaa 2ffaa kun 25% ta’e

• “Hymen ” isaanii laphii kan ta’e


• Hymen jechuun gogaa laphii qamaa
saalaa ishee keessa haguugee jirudha
• Dhiiga xiqqoo kan qabudha.
• Miira dhikkubbii xiqqaa kan qabuudha
• Of eeggannaa gochuu dhiisuun
durbummaa baduu danda’u dha.
C. Durbummaa sadarkaa 3ffaa kun 60% ta’u

• Hymen isaanii furdinaan isa durbummaa


sadarkaa 2ffaa irra kan caaluudha.
• Of eeggannaa dhabuun durbummaa
baduu hin dandeenyeedha
D.Durbummaa sadarkaa 4ffaa 10% ta’u.

• “Hymenin” isaanii ba’ee furdaa kan ta’ee dha


• Dhiirri durbumaa kana fudhachuun itti cima
• Biyyoota guddattan keessattiHospitaalaatti yaalii argatu.
• Miira dhukkuubbii cima qaba.
• Dhiiga dhangala’uu bayyee qaba.
• Biyyaa keenyaa keessatti akkataa itti dhiira shamarran
durbummaa akkasii qabanii wajjiin gaa’eela dhaabate itti
hubatan rakkisaadha.
• Fkn Obbo x durbummaa fudhachuu dadhabee jedhamee kan
dubatamu shamarran gosa durbumaa kanaa qabanii dha.
Itti gaafatamuumaa Abbaa manaatiif
Haadhamanaa.
1. Itti gaafatamuumaan abbaa manaa
A. Haadha manaa isaa jaallachuu.(Efe.5:25)
B. Haadha manaa isaa gargaaru qaba (1Phex.
3:7).
C. Haadhamanaa isaa galatefachuu qaba (Fak.
31:28; 1Phex.3:7)
D. Amanamummaa qabaachuu
• Gaa’eela keessatti amanamummaan bakka guddaa
qaba. Waan hundumaatti haadha manaa ofiif
amanamuun barbaachiisaa dha. Gaa’ela keessatti
gaafa amanamummaan hiratu gaa’elli keenya rakko
keessa galu eegala.
E. Mataa mana /Geggeessaa) Maatiitti Abban manaa

• Abban manaa geggeessa mana sanaati. Akkuma mataan waldaa


kiristaan kirstoos ta’e. mataan haadha manaa abbaa manaa ta’uu
beekuun gaaridha.(1xim
F. Haadha manaa isaatti 3:4hammachuu
1 Qor 11:3) dhiisuu.

• Haati manaa waaqaa gaditti kan isheen badatuu abbaa manaa


isheeti. Abbaa manaa ishee yoo itti hammaate baayyee dhiphatti
(qol.3:19)
G. Haadha manaa isaatiif yeroo qabaachuu qaba.
• Abbaan manaa waan hundumaaf yeroo qabaachuu
qaba. Keessumaahaadha manaa isaa fi ijoollee isaaf
yeroo qabaachuun irra eegama.( Lal 3:1)

H. Luba mana isaa ti

• Luba mana isaati yeroo jennu geggeessa hafuura mana sanaati


jechuu keenya. Geggeessaa hafuuraa ta’uun kan jalqabu mana
keessatta malee waldaa keessaa jalqaba mitti ( Iyo 1:5)
I. Haadha manaa isaa gammachiisuu qaba.
• As irratti beekuun kan nuuf malu karaan nuti haadha manaa keenya
gammchiifnu bifa garaa – garaatiin ta’u ni danda’a. Garuu
gammachuun wajjin jiraachu qabna. ( Fak 5: 18-19)
J. Kan isheen feetee gochuufii ( karaa fedha
fooni)
• Walqunnamtii saalaatiin tokko ta’uun eebba waaqayyo isaaniif
keeneedha. Kanaanabbaan manaa haadha manaa isaa
gammachiisuun itti gaafatamummaa abbaa manaa keessa tokko
dha.kutaawwan macaafa qaulquluu armaan gadii yaadaan
dubbisuun gaarii dha. ( Uma 2:24 1 qor 7:3-4)

K. Nama mana isaaf yaadu ta’u qaba.

• Namni tokko geggeessaa sirrii ta’uun isaa kan


mirkana’u yoo mana isaa sirriiti geggeessee dha . akka
suna utuu mana isaaf hin yaadiin waldaadhaaf yaaduu
hin danda’u( 1 xm 5:8)
XI. Itti gaafatamummaa Haadha manaa

A. Abbaa manaa isheetiif bitamuu qabdii.


• Kana irratti hubachuu kan qabnu bitamuu jechuun cunqurfamuu
yka mirga dhabuu jechuu mitti. Bitamuu jechuun jaalaan waliif
abbomamuu jechuu keenya Abbaan manaa jaallatee argamnaan
haat manaa bitamuutiin ulfataa miti. Akkuma kiristoos nu
jaallate nutty immoo jaallanee bitamneef, namni tokko iyyuu nu
hindirqisiifne. ( Efe 5:22-24)
B. Abbaa manaa isheetiif Abboomaamuu qaba.
• Mataan manaa abbaa manaa ta’uun isa beekumaadha haati
manaa abbaa manaa isheetiif abboomamuun ulfina malee
salphina miti. Akkuma waldaan kiristiyaana Kristoosiif
abboomamtuu haati manaa abbaa manaa isheef haa abboomamtu
( Efe 5:22 Qol 3: 18 1phex 3:6
C. Abbaa manaa ishee jaallachuu qadi
• Haati manaa abbaa manaa ishee jallachuun irraa
eegama sababiin isaa jaalala malee gaa’ela
dhaabbachuun hindanda’amu. Jaallai hundaafu waan
bu’uura ta’eef (Tit 2:4)
D. Gaa’ela isheef amanamtuu ta’uu qabdi
• Gaa’ela keessatti waan murteessaa ta’e keessa tokko
amanamummaa qabachuu dha. Amanamummaan
hin jiru taanaan gaa’elli isaan dhaabbatan uumurii
hin dheeratu rakko garagaraaf saaxilamuu danda’a
(Tit 2:5)
E. Uffata qajeelaa ta’e uffachuu qabdi
• Dubbartoonni uffata qaama isaanii sirriitti haguguu
danda’u akka uffatan irra eegama. Sabanii isaa namoota
kan biroof sababii qorumsaa ta’uu hin qaban ( 1Xim
2:9-10, 1phe 3:3-4)

F. Abbaa manaa isheef ulfina laachuu


qabdi
• Akka sagalee waaqayyootti wanta akka nuuf ta’u
barbannu waliif gochuutu nurraa eegama. Haati manaa
akkasuma abbaa manaa isheef ulfina laachuun irraa
eegama. ( Efe 5:33)
H. Itti gaafatammummaa ishee ba’uu qabdi
• Gaa’ela keessatti hundumti keenyaa itti gafatammummaa
ykn ga’ee hojii qabna ga’ee hojii keenya amanamummaan
ba’uun nu irraa eegama kana keessatti hojii waliif qoodani
hojjechuun gaariidha ( Fak 31:15-27, 1xim 5:10

I. Abbaa manaa isheetiif yeroo qabaachuu qabdi


• Haati manootii yeroo hedduu hojii bayyee waan qabaniif
abbaa manna isaaniif yeroo dhabu danda’u garuu hangam
iyyuu yoo hojin jiraatee abbaa manaa isaaniif yeroo
qabaachuu qabu.(lab 3:1)
J. Abba manaa ishee jajibeesuu qabdi
J. Abba manaa ishee jajibeesuu qabdi

• Nama cimaa tokko dugda- duuba dubartiin


cimtuun tokko jirti jedhama. Kana jechuun
fixxaan ba’umsi abbaa manaashee jabina ishee
ta’uu ni mulisa.( Uma 2:18)
• J. Abbaa manaa ishee gammachiisuu
qabdi
• Akkuma abbaan manaa haadha manaa
isaa gammachisuuf dhama’u haati manaa
abbaa manaa ishee gammachiisuuf dhama’uu
qabdi Gaa’elli jirenyaa gamachuun waliin
jiratan ta’uu isaa beekuun gaaridha (1Qor
7:34) Fak 31:10-12)
• Itti gaafatamuummaa waliinii
• Itti gaafatamummaa walii isaan keessatti waan hedduu
armaan olitti akkuma ilaale, waliin ta’uun kan hojjetan
baayyeen immoo akka jiru armaan gaditti haa ilaallu.
• Karoora waliin baasuu
• Ijoollee waliin guuddisuu.
• Daa’ima gudhisuu keessatti hirmaannaan abbaa fi
haadhaa baay’ee nurteessaadha. Yeroo baay’ee
daa’iimman guddiseen ga’ee haadhaa qafa akka ta’etti
namootni hubatan jiru kun ilaalcha dogoggoraati.
• XII. Rakkoolee gaa’ela keessatti walii galteen
akka hin jiraanne godhan.
• Waliin jireenya gaa’ela keessatiit rakkoon
hedduun walitti bu’insa fiduu danda’an akka
jiran beekuun gaariidha. Isaan keessa:-
1. Walquunnamtii saalatiin gammachuu dhabuu.
• Rakkoon kun rakkoo guddaa diigamuu gaa’elatiif
sababa ta’e keessaa isa tokkodha, (50-55%)
qabata. Kun gammachuu waaqayyo namaaf
kennetti dhimma ba’uu dhiisuusha.
• Sagaleen waaqayyoo walquunnamtii saalaa
abbaa manaa fi haati manaa gidduu jiru maal
akka fakkachuu qabu bifa ifa ta’een kaa’era .
• (1Qor 7 3-5 Ibr 13:4
• Rakkoon kun:-
1. Rakkoo ilaalchaatti.
• Rakkoo ilaalchaa jechuun namootiin
walquunnamitii saalaa abbaa mana fi haadha
manaa gidduu jiru akka cbbuutti lakkaa’uu
saaritti… sagaliin waaqayyoo walquunnamtiin
abbaa manaa fi haadha mamaa gidduu jiru
qullaa’aa akka ta’e dubbata ( Ibro 13:4)
2. Akkaataa itti hawwaasa keessatti guddatan
• Akkaataa nuti itti guddanne walquunnamtiin
saalaa ejjaa fi cubbuu harkaa akka ta’etti nuti h
3. Jaalala dhugaa waliif dhabuu .
• Inni kun namoota wljaallatan gidduudhaa inni
tokko jaalalii isaa jaalala dhugaa irratti kan hin
hundoofinne yeroo ta’u namaa wajiin gaa’ela
dhaabbatan walquunnamttii saalaa raawachuuf
fedha dhabuutu irra mul’ata (1Qor 7:5)
4. Fedha walii eeguu dadhabuu ofittoo ta’uu.
• Walquunnamittiin saalaa abbaa manaa fi haadha
manaa gidduu jiru fedha lamaansaanii kan of
keessatti hammate ta’uu qaba. Bayyiinaan kan
mul’atu dubartoonni fedha dhiiraaf qofa malee
fedha mataasaanii akka qabanitti hin yaadamu.
Garuu akkuma dhiirri fedhasaa bira ga’u,
dubartoonnis akkasumaa fedha guutuu akka qaban
hubachuu qabna. Kana wallaaluun rakkoo gaa’elaa
keessatti uumaamuuf sababa ta’a.
5. Fayyaa dhabuu:-
• Namootni sababa garaagaraatin jechnis
uumamaanis ta’e balaa akka tasaatiin rakkoon
irra ga’uu ni danda’a. kun immoo
walquunnamtii saalaa isaan gudduu jiru
irraatti dhiibbaa ni geessisa. Fkn balaa buqqee
mataa, Lafee dugdaa fi qaama
walhormaataarra ga’u akka fakkeenyaatti
ijaaluun ni danda’ama.
6. Gaa’elaan alatti nama biraa wajjiin walbaruu.
• Inni kun abboommi waaqayyo cabsuudhaan
cubbuu ejjaatti yeroo kenfan abbaa manaaf
haadha mana gidduutti shakkiif walamantaan
gidduu isaan ittii hin bada, kun gaa’el keessaltii
hanga wal hiikanitti rakkoo uumuu danda’a
7. Baayina hojiirraa kan ka’e dadhabuu.
• Namooni hojii human fi sammuu hojjetan
dadhabbiin waan itti dhaga’amuuf
dadhabbiirraa kan ka’e walquinnamitti saalaa
raawwachuuf fedha waan dhabaniif
gaa’elarratti rakkoo uumama.
8. Nyaata madaalama dhabuu
• Nyaata madaalamaa nyaachuu dadhaabuun
fedhii walquunnamtii saalaaf qabaan ni hiri’sa
sababni isaas dhangalaa’an yeroo
walquunamti saalaa qaama namaa keessaa
ba’uu bakka bu’uu waan qabuuf.
9. Wanta argan raawwachuuf yaaluu .
• Inni kun rakkoo guddaa yeroo ammaa
mudachaa jiru keessaa isa tokkodha. Jechuinis
fiilimii, poomogiraafii ilaaluudhaan wanta argan
raawwachuuf yeroo yaalaa akka argan
raawwachuuf yeroo yaalaa akka arganitti yeroo
rawachuu dadhaban gaa’ela isaanii keessatti
gammachuu dhabu Itti dabalees immoo akka
waan gahaa hin taanetti of lakkaa’u.
10. Qulqullina Qaama ofii eegachuu dadaabuu
• Qulqullina qaama wantoota murteessoo ta’an
keessaa tokkoodha. Garuu namootni
qulqullina qaamaa fi baaka ciisichaa dhabuu
irraa kan ka’e fedhiin walquunnamtii saalaaf
qaban akka hir’atu nitaasisa.
11. Garaagarummaam umrii gargaar fagachuu.
• Inni kun rakkoo gaa’elaa keessaati uumaaman
keessa isa tokkodha. Sababni isaas yeroo
umuriin kan dhiraa fedhiin walquunnamitti
saalaa hirataa adeema kan dhala immoo
dabala adeema
12.Dhiibbaa shaakala kanaan dura qabani
• Inni kun lamman isaanii keessaa tokko
shaakalaa walquunnamitti salaa osoo gaa’ela
hin dhaabbatiin nama haaraa gaa’ela wajiin
dhaabatan waliin walquunnamtti saaalaa
yommuu raawwatan akka shakala isa
duuraanii yoota’u dhaabaatee gammachuu
barbaadan argachuu dadabuu
13. Qaamni wal- harmaataa wal madaaluu
dadhabuu
• Namootni qaamni walormaataa isaanii
uumamoon hamma yaadameen oliitti
guddachuuf xiqqaachuun rakkoo gaa’ela
keessaa tokko.
• Walquunnamtii saalaa irraatti Rakkoolee Dhiira
Mudatan.
1. Qaamni walhormaataa ka’uu dadhabuu.
• Yeroo walquunnamitti saalaa raawaatan dafanii
dadhabuu.
2. Sanyii dhiiraa yeroo eegamuutti gadidhisuu dadhabuu
• Sanyii dhiiraa dafanii gadhiisuu (Pre ejaculation )
3. Yeroo walquunnamitti saalaa raawwaatani mirrii
dhukkubaa namatti dhaga’amuu.
4. Yeroo dheeraaf qaamni saalaa dhaabachuu
Rakkoolee Dubartoota Walquunnamittii saalaa irratti isaan mudatan

1. Fedhii dhabuu ((Miiraan qabbaamaa’uu)


• Fedha ofii yeroon xumurachuu dadhaabuu
( Sababaa dhagna qabaa irraa kan ka’e)
2. Yeroo walquunnamtii saalaa dhuukkubbiin itti
dhaga’amuu
• Rakkoolee Armaan oliif sababa kan ta’an
• Nyaata madaalamaa dhabuu
• Qarichaa yeroo dheeraa fuudhachuu
• Balaan nama mudachuu
• Dirqisiifamanii gududamuu
• Dhiibee garaagaraa
• Rakkoo uumaamaa
• Hafuura hamaa
• Dhiphachuu ( Cinqamuu)
• Umurii
• Sodaa
• Miidhaa isaan fidan
• Abdii kutachuufi lubbuu ofii balleessuu
• Hojii hojjetan irratti ga’umsa dhabuu
• Ofitti amanamuummaa dhabuu
• Jaalallii dhibamuu
• Dhala dhabuu
• Wal-hiikuu
• Furmaatasaa
• Wantoota balaa geessisan irra fagaachuu
• Haala soorataa sirreefachuu
• Tajaajila gorsaa fudhachuu
• Qulquullina ofii eegachuu
• Waaqayyoon kadhachuu
• Araa fagaachuu
Garaagarummaa Amalaa Uumamaan jirau hubachuu

• Kan Dhiiraaf kan dhalaa


• Dhiiri yeroo kamittiyyuu walquunnamtii saalaa
raawwachuu bar baada.
• Dhalaan yeroo gammadhan qofaa walquunnamtii saalaa
raawwachuu barbaadu.
• Dhiirri fedhii akkanaa qabachuun isaatin akka ejjituutti
lakkaa’amu ni miidhama.
• Dhalaan akka nama fedha hin qabneetti lakkaa’amuu
dhaan miidhamti
• Dhirri walquunamtii saalaaf salphaatti dadamaqa
( daqiiqaa 3-5)
• Dhalaan Daqiigaa 15-25 itti fudhata
• Dhiirri gammachuu isaa bira ga’uuf daqiiqaa
10 itti fudhata.
• Dhalaan daqiiqaa 20 itti fudhata
• Dhiirri fedhasaa erga raawwatee booda rafuu
barbaada
• Dhalaan garuu qaamaafi sammuun isaani
dachaadhaan damaqa
Rakkoolee kan biraa

• Ilaalcha gadaana walif qabaachuu


• Yaada walii hubachuu dadhabuu
• Ga’eel ofii ba’achuu dadhabuu
• Fedha ofiif dursa laachuu
• Amanamummaa dhabuu
• Interneetii ( mursariitii)
• Qarshii qisaasessuu
• Waldorgomsiisuu
• Dhiibbaa maatii
• Oftuulummaa
• Icciitii baasuu
• Dheekamsa
• Ceepha’uu
• Qoccolloo
• Arrabsoo
• Inaaffaa
• Hiriyaa
• Aradaa
• Hamii
Furmaatni isaa

• Waan hamaa dageenye dadaballee kaasuurraa


of eegachuu
• Dhugaa jaalaan dubachuu Efe 4:15
• Gara malee callisuu irra of qusachuu
• Dhaggeeffataa gaarii ta’uu Yaq 1-19
• Dubbachuudhaaf arifachuu dhiisuu
• Ceepha’uu fi tuffiirraa of eeggachuu
• Dhiifama gaafachuu baruu.
XIII. Waaqayyo walhiikuu ni jibba

• Rakkoo waldaa kiristyaana keessaatti mulacha


jiru keessa jiru keessaa tokko gaa’ela
waaqayyoo dhabee digudha- waaqayyo wal-
hiikuu jabeessee ni jiba.
• Gaa’elli jirenya umurii guutuu malee kan yeroo
yerootti gegeddaru miti.( Milk 20:16.1Qor 7:10
1Qor 7:39
• Rakkoo waldaa kiristyaana keessaatti mulacha
jiru keessa jiru keessaa tokko gaa’ela
waaqayyoo dhabee digudha- waaqayyo wal-
hiikuu jabeessee ni jiba.
• Gaa’elli jirenya umurii guutuu malee kan yeroo
yerootti gegeddaru miti.( Milk 20:16.1Qor7:10
1Qor 7:39
Jalqaba uumamaatti akkas hin ture jechuun

• Jalqaba uumamaatti waaqayyo nama tokkoof


namuma tokko keenne ( dhiira tokkoof dubara
tokko kenna jechuu isaati filannoo biraa hin
laanneef, lafee cinaachaa baayyee keessa
tokko qofa fuudhe kun walaalummar kan ta’e
utuu hintaane waaqayyo karraan gochuu isaa
kan mulisuudha
• Kanaafu gaatii isaan gaafataniif deebii yeroo
kennu gara jelqaba uumamaatti isaan deebise
( Mar 10:6-9
Walhiikaadhaaf sababoota kan ta’an

A. Ejja:- Ejji sababii ta’uu kan dandaa’u namni


tokko cubbuu ejjaatti irra deddeebin yeroo
kufuu, gorfamee yoo deebi’uu didee furmaata
isa dhuma irratti fudhatamu malee guyyaa
tokko dogoggore jedhamee kan raacucaatamu
miti. Inni guddaan wal hiikuuf sababa
barbaadduurra dhiifama waliif gochuun
murteessaadha. ( Mat:- 19:9)
B. Du’a :- Namni tokko hanga lubbuun jirutii
hoodha manaa isaa Ykn abbaa manaa isheetti
hidamanii jiru. Garuu du’aan gargar baanaan
kakuu galmitti bilisa ta’a.
• 1Qor 7: 39 Haati manaa hamma abbaan
manaa ishee jirutti seera gaa’elaatiin isaatti
hidhamtee jiraatti . Erga abbaan manaa ishee
irra du’ee garuu abbaa feetetti heerumuu in
dandeessi.
• Lamaan isaani keessa tokko kan hin amane yoo ta’e
inni hinamane gargar ba’uu yoo barbaade
• Kutaa kana keessatti utuu hin amaniin gaa’elatti kan
galan yoota’e isaan lammaan keessan inni tokko yoo
amane inni amanee isa hin amanne hin dhiisin inni
hin amanne garuu yoo gargar ba’uu barbaade mirga
qaba yaada jedhuu of keesaa qaba.
• 1QOR 7 12 -15 Isin keessaa inni hin amanin hidhata
isaattii gargar ba;uu yoo fo’ate garuu gargar ba’uu in
danda’a.
Midhaa walhiikuun Maatii irratti fidu

• 1. Midaa ijoolee irratti dhufu


• Dhiphachuufi gammachuu dhabuu
• Ijooleen maatii haaraa uumaman waliin
walbaruu dadhabuu
• Mirga jaalala abba fi haadhaa irraa argachuuf
qaban isaan dhabsiisa.
• Amalli isanii ni jiraama
• Barumsa isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessis
2. Hundee Amantiitu Diigama.
• Mani tokko ciminni isaa hundee isaatiin
beekama hundeen gaa’elaa diigam naan akka
irrattiitti akka waldaatti akka biyyaatti rakkoon
ni mudata
• Qabeenya qisaase’uu fida.
3. Karoora waaqayyo dhala namaafqabu
waliin wal jalleessa.
• Karoorrii waaqayyo gaa’ela keessatti qabu
akka isaan wali wajjiin jiraatan umurii isaanni
guutuu tokkumaan akka isaan qabaatan
barbaada wal hiikuu akka waaqaayyo jibbe,
isaanis immoo akka
jibban Addunya kana keessatti warra hin
amaneef jireenya gaa’elaa isaantiin fakkeenya
akka ta’an waaqayyoo isaan irraa barbaada
• Cubbuu ejaatiif nama saaxila.
Waaqayyoo isin haa
eebbisu! Galatoomaa

You might also like