You are on page 1of 20

FOCUS MINISTIRII

Seera
Ittiin Bulmaata
Feelooshiippiiwwanii

Are focused
Live for God
Reach the nation

Waxabajjii 2022 Finfinnee


FOCUS Ministry

Table of Contents
Seenaa hudeeffamaa fi kaayyoo FOCUS Ministirii ........................................................................... 3

Mul’ata FOCUS ................................................................................................................................... 3

Ergama FOCUS ................................................................................................................................... 3

Keeyyata 1 ............................................................................................................................................. 4

1.1 Barbaachisummaa Seera Ittiin Bulmaataa Felooshiippiiwwan FOCUS ..................................... 4

1.2. Kaayyoo Seera Ittiin Bulmaataa Felooshiippiiwwan FOCUS ................................................... 4

Keeyyata 2 ............................................................................................................................................. 5

2.1 Qajeelfamoota ............................................................................................................................. 5

2.1.1. Miseensummaa ................................................................................................................... 5

2.1.2. Miseensummaa Waldaa Barataa/ttuu Miseensa FOCUS fi Tajaajila ................................. 5

2.2 Waltaa’insa Keessoo fi Dhimmamtoota Biroo ........................................................................... 6

2.2.1. Walta’iinsa Keessoo ............................................................................................................ 6

2.2.2. Walta’insa Dhimmamtoota Biroo ....................................................................................... 7

Keeyyata 3 ............................................................................................................................................. 7

3.1 Hojii Babal’isuu Mootummaa Waaqayyoo ............................................................................... 7

Keeyyata 4 ............................................................................................................................................. 8

4.1 Barsiisa fi Leenjii ....................................................................................................................... 8

Keeyyata 5 ............................................................................................................................................. 9

5.1 Dhimma Gaa’elaa ....................................................................................................................... 9

Keeyyata 6 ........................................................................................................................................... 10

6.1. Kaffaltii Dhibbentaa Digdamaa Waajjira Giddu Galeessaa .................................................... 10

Keeyyata 7 ........................................................................................................................................... 10

7.1. Guyyaa fi Bakka Waaqeffannaa ............................................................................................. 10

Keeyyata 8 ........................................................................................................................................... 11

1
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

8.1. Naamusa Kristiyanummaa Miseensota FOCUS ..................................................................... 11

8.2. Adeemsa Gorsaa fi Tarkaanfii Miseensa Naamusa FOCUS Balleessee ................................. 11

Keeyyata 9 ........................................................................................................................................... 12

9.1. Karoora, Gabaasaa fi Yeroo Maree/Kadhataa ......................................................................... 12

Keeyyata 10 ......................................................................................................................................... 12

10.1. Koree Kilaasteraa fi Gahee Isaa ............................................................................................. 12

Keeyyata 11 ......................................................................................................................................... 14

11.1. Itti Fayyadama Qabeenya Ministirichaa ............................................................................. 14

11.1.1. Itti Fayyadama Chaappaa ................................................................................................ 14

11.1.2. Galmeessa fi Itti Fayyadama Qabeenyaa Ministirichaa .................................................. 14

Keeyyata 12 ......................................................................................................................................... 15

12.1. Dantaa FOCUS Eegsisuu ....................................................................................................... 15

13.1. Filannoo Koree Felooshiippii Geggeessanii .......................................................................... 15

13.2. Ga'ee Dura ta'aa Felooshiippii ............................................................................................... 17

13.3. Gahee hojii itti aanaa dura ta'aa ............................................................................................. 17

13.4. Ga'ee barressaa ....................................................................................................................... 17

13.5. Gahee qarshii qabaa/duu ........................................................................................................ 17

13.6. Ga'ee Qorqortuu (Ooditarii) Keessoo .................................................................................... 18

13.7. Qorqorrii Waliigalaa (alaa) .................................................................................................... 18

13.8. Koreewwan gara garaa hundeessuu ....................................................................................... 19

Keeyyata 14 ......................................................................................................................................... 19

2
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

Seensa

Seenaa hudeeffamaa fi kaayyoo FOCUS Ministirii

FOCUS Ministiriin jalqaba bara 1997/8 A.L.A tti barattoota yuniiversiitii Finfinnee muraasaan
bifa qoo’annaa macaafa qulqulluutiin jalqabe. Ministiriin kun guddachuudhaan bara 2007 A.L.A
tti Ministeera Haqaa Federaalaa (ammaa Ministeera Nagaa) irraa hayyama guutuu argachuudhaan
naannolee biyyaattii hundumaa keessatti maqaa ‘Waldaa Kristiyaanaa Wangeela
Barattootaaf Barattootaan’ jedhamuun hojii isaa eegale. Yaa’ii waliigalaa bara 2009 A.L.A tti
geggeeffame irratti maqaa isaa gara FOCUS Ministiritti jijjiirrate.

FOCUS Ministiriin sadarkaa biyyoolessaatti barattoota kiristiyaanotaa yuunivarsiitii, koolleejjii fi


Manneen barnoota sadarkaa lammaffaa irratti kan hojjeetu yoo ta’u barattoota qomoodhaan,
saalaan, bifaa fi aadaadhaan utuu hin qoodiin turtii isaan yuniivarsiitii, koolleejjii fi manneen
barnootaa keessatti qabanitti sagalee Waaqayyootiin utubee jajjabeessuudhaan barnoota isaaniitiin
jajjaboo fi jireenya fakkeenyummaa gaarii qabu akka jiraatan akkasumas lammii itti
gaafatamummaan itti dhagaa’amu ijaaruu irratti argama.

FOCUS Mnistiriin wangeela gooftaa keenya Yesuus Kristoos hunduma biraan gahuu fi tajaajila
hafuuraa kennuudhaan dhaloota mootummaa Waaqayyoof qopheessuu irratti xiyyeeffannoodhaan
kan hojjetudha.

Mul’ata FOCUS

Ergaa misiraachoo wangeela gooftaa keenyaa Yesuus Kristoos labsuudhaan mootummaa


Waaqayyoo bal’isuu dha.

Ergama FOCUS

Wangeela gooftaa keenya Yesus Kristoos barattoota sadarkaa barnootaa hundaan gahuu fi tajaajila
hafuuraa Afaan Oromotiin kennuudhaan dhaloota mootummaa Waaqayyoof qopheessuu.

3
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

Keeyyata 1
1.1 Barbaachisummaa Seera Ittiin Bulmaataa Felooshiippiiwwan FOCUS
Qajeelfamni ittiin geggeeffama Felooshiippiiwwanii kun kan barbachiseef adeemsa geggeefama
hojii dameewwan felooshiippii FOCUS Ministirii jalatti haammatamanii jiran qindeessuu,
qajeelchuu fi bifa walfakkaataa ta’een kaayyoo Ministirichaa isa ijoo bal’isuu fi mootummaa
Waaqayyoo harkatti galfachuudha. Caalaadhumatti ammoo koreewwan Felooshiippota FOCUS
Ministirii damee gara garaa geggeessan yeroo hojiiwwan ergama ministirichaa raawwachuuf
karoorsan, yeroo qindeessan barruun qajeelfama ittiin geggeeffamaa kun akka madda
oddeeffannoo murtee, raawwii fi kallattii furmaataa rakkoolee mudachuu malaniif fayyada.
Miseensi Felooshiippii FOCUS Ministirii kamuu akkaataa qajeelfamoota barruu kana keessatti
haammatamaniitiin geggeeffama.

1.2. Kaayyoo Seera Ittiin Bulmaataa Felooshiippiiwwan FOCUS


 Miseensota Felooshiippii FOCUS Ministirii bifa walfakkaataadhaan qajeelfamuun hojii
ergama wangeelaa akka hojjetan taasisuu.
 Qabiyyee hojii sadarkaa Felooshiippiitti raawwatamu beekuun miseensotni dudhaalee
ministirichaa sirriitti akka hubatanii fi calaqqisiisan taasisuu.
 Hariiroo Felooshiippiiwwan gidduu, akkasumas, hariiroo felooshiippiiwwanii fi waajjira
giddu galeessaa FOCUS gidduu jiru qajeeltootti beekuun walta’iinsi akka haleelu taasisuu.
 Eenyummaa Ministirichaa golguu fi gochaawwan eenyummaa ministirichaa xureessan
irraa of eeguu fi miseensota ministirichaa fi kanneen biroo eeggachiisuu.

4
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

Keeyyata 2
2.1 Qajeelfamoota
2.1.1. Miseensummaa
1. Felooshiippiin haaraa hundeeffamus ta’e buleeyyiin FOCUS jalatti haammatamuu fedhu
tokko dursee akkaa adeemsa miseensa itti ta’uun dandaa’amu irratti waajjira giddu
galeessaa FOCUS waliin mariyachuu qaba.
2. Barataan yookaan barattuun miseensa Felooshiippii FOCUS jalatti haammatamee jiru
tokkoo yoo ta’e/taate ergama Ministrichaa raawwachuuf kan itti waliif gale/te ta’u
isaa/ishee beekuu qaba/di.
3. Adeemsi miseensummaa mulquu (ofiin iyyatanii miseensummaa keessaa ba’uus ta’e,
namuusa cabsuun miseensummaa mulqamuun) toora seera ittiin bulmaataa Ministirichaa
waajjirri olaanaan hojiirra oolchuun raawwatama.
4. Miseensi FOCUS tokko tokkummaa miseensota Ministirichaa kan diigu olola, lagaa fi
amantaan (dookitriiniin) kan qoodu utuu dalaguu yoo argame, dhugaa ta’uun isaa yoo bira
gaa’ame miseensummaa irraa ni haqsiisa. Adeemsi miseensummaa irraa haquu marii
sadarkaa sadarkaadhaan toora bulchiinsa ministrichaa keessa darbuu qaba (koree
felooshiippii irraa gara qindeessitoota kilaasteeraatti, qindeessitoota irraa gara waajjira
giddu galeessaatti dabaree dabreedhaan adeema); murteen dhumaa waajjira gidduu
galeessaan kan raawwatamu ta’a.
5. FOCUS miseensota isaa lagaan, naannoon, amantii fi kan kana fakkaataniin addaan kan
hin baafnee fi miseensi FOCUS kamuu isa kana kan amananii fudhatan qofaa ta’uu qabu.
6. Qaamni miseensa ta’uu barbaadu kamiyyuu fedha yoo agarsiise akkaataa seera waajjira
gidduu galeessaan kan murtaa’u ta’a, yoo fedha FOCUS guutuu dandaa’a ta’e.

2.1.2. Miseensummaa Waldaa Barataa/ttuu Miseensa FOCUS fi Tajaajila


1. Barattootni waldaa miseensa itti taa’anitti tajaajila akka kennaa irbaata qulqulluu fi
tajaajiloota barbaachisoo biroo ni argatu.
2. Waldaa itti miseensa taa’anitti (‘kan biraatti’) kennaa qabaniin miseensotni Felooshiippii
FOCUS tajaajila kennuu malu.
5
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

3. Yoo waldaan itti waaqeffatan naannoo mooraatti dhiyoo hin jiru ta'e barattootni bakka jiru
deemanii waaqeffachuu danda'u.
4. Barataan miseensa FOCUS ministirii ta'e kamiyyuu waldaa tokkoo ba'ee gara waldaa kan
biraatti miseensummaa isaa geeddarachuu FOCUS hin jajjabeessu.
5. Barataan FOCUS barataa kan biraa waldaalee dhugaa fi hafuuraan sagadan tokko keessaa
ba'ee isa kan biraatti akka miseensummaa isaa geeddaratuuf hin jajjabeessu.
6. Barataan tokko ykn hojjetaa FOCUS kan ta'e tokko utuu gita mooraattis ta'e gita
waajjiraatti, barataan miseensa FOCUS ta'e tokko akka miseensummaa isaa geddaratu
godhuu yoo bira gaa'ame hanga mirgi miseensummaa irraa mulqamuutti ni geessisa. Kun
kan ta’uu danda’u gorsaa fi yaalii mirkaneeffannaa booddee ta’ee beekamtii qindeessitoota
kilaastaraa, waajjira giddu galeessaa fi boordiidhaan ta’a.
7. Hojjetaan FOCUS tokkos utuu waldaa tokko keessaa barataa gara waldaa kan biraatti
waamuu yoo argame, qoratamee yoo dhugoomfame akka seera ittiin bulmaata
waajjirichaatiin miseensummaa irraa ni haqama, haalduree kamiiniyyuu malee hojii irraa
ni geggeeffama.
2.2 Waltaa’insa Keessoo fi Dhimmamtoota Biroo
2.2.1. Walta’iinsa Keessoo
1. Barattoonni FOCUS keessatti haammataman walitti dhufeenyi isaanii walitti dhufeenya
namoonni Waaqayyoo qabaatan ta'uu mala.
2. Barattoonni FOCUS marti akka maatii tokkootti kan waliin hojjetanii fi saba lafarraa gara
kristoositti fiduuf kan tattaafatan ta'uu qaba.
3. Jireenyi waliin jiraatanis jireenya qulqullina fi kabaja qabu ta’uu qaba.
4. Barattoonni FOCUS dhaabbilee amantii kristiyaanaa garagaraa irraa sababa dhufaniif
namni tokko amantii (dooktirinii) nama kan biraa bifa miidhuun, tuquun, ceepha'uun ykn
gartuu uumuun ykn adda wal baasuun akka yakkaatti fudhatama.
5. Karaa barnootaa milkaa'ina kan qabanii fi qabxii gaarii kan galmeessaa jiran obboleessaa
fi obboleettota isaanii yeroo isaanii irraa kennuufiin akka gargaaran, akka qorachiisan,
akkaataa qo’annaas akka barsiisanii fi tumsuun akka isaan barnoota isaaniitti jabaatanii
hojjetaniif jajjabeessuutu irra jiraata.

6
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

6. Barattoota rakkoo addaa qaban waan isaan mudatu irraan kan ka'e akka isaan mana
barnootaa isaanii irraa booda hin deebinetti felooshiippiin miseensi FOCUS kamiyyuu
irratti hirmaachuun tumsuu qabu.
7. Shammaran haala addaatiin rakkoo isaanii hordofuun furmaata kennuun barbaachisa.

2.2.2. Walta’insa Dhimmamtoota Biroo


1. Walitti dhufeenya FOCUS qabu ilaalchisee, waldootii amantootaa, dhaabbilee mootummaa
fi mit-mootummaa garaa garaa wajjiin miseensotni FOCUS hanga dandaa’ametti walitti
dhufeenya gaarii uumuu fi waliin hojjechuuf yaalii gochuu qabu.
2. Walitti dhufeenyi mooraaleen dhaabbilee garaa garaa waliin qabaatan kun dantaa
barattootaa FOCUS’iin kan tuquu fi kan tuqsiisu ta’uu hin qabu.
3. Walitti dhufeenya kanas waajjirri giddu galeessaa fi koreewwan kilaasteraa beekuu qaba.
4. Mooraa miseensa FOCUS taa’anii hojjechaa jiran keessa beekamtii waajjira giddu
galeessaa, qindeessitoota kilaasteraa fi koree felooshiippiin alatti namni dhuunfaanis ta’e
dhaabbatni adda addaa keessa galee hojjechuu fi barsiisuu hin danda’u.
5. Sababa maddi galii inni angafaa Felooshiippiiwwan FOCUS ta’eef, Felooshiippiin
kamiyyuu deggersa Felooshiippii biroo, waldaa amantootaa akkasumas namoota dhuunfaaf
akeeke waajjira giddu galeessaa FOCUS beeksisuu qaba.
6. Mooraan kamiyyuu yoo koonfiraansii waammate waajjira giddu galeessaa waliin ta’uun
kan qophaa’u ta’ee baasiin koonfiraansii garuu kan damee sanaa ta’uu qaba.

Keeyyata 3
3.1 Hojii Babal’isuu Mootummaa Waaqayyoo
1. Hojiin FOCUS inni guddaan namoota gara mootummaa Waaqayyootti fiduu waan ta’eef
guyyaa hundumaa barattoonni FOCUS dhugaa ni ba'u. Bakka mijataa ta'ee itti mul'atetti,
nama itti dhugaa ba'uun irra jiraatutti dhugaa ba’uu qabu.
2. Dhugaa ba'uuf garuu barnoota isaanii fi jireenya isaanii irratti haala dhiibbaa hin
geessifneen ta'uutu irra jiraata.

7
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

3. Barattoonni FOCUS waggaatti si'a lama naannoo isaaniitti baa'anii wangeela ni lallabu,
lubboota amananis waldaa naannoo isaanitti dhiyoo ta'etti kennu qabu. Gabaasa isaas gara
waajjira giddu galeessaa fi kilaastaraatti ni kennu.
4. Yeroon itti wangeela babal'isuuf baa'an ammoo yeroo qormaataa fi barnootaa utuu hin ta'in
yeroo boqonnaa isaanii ta'uu qaba.
5. Yeroo wangeela lallabuu baa’an qaama mootummaa irraa beekamtii fi deggersa
barbaachisaa ta’e argachuun barbaachisaa dha.
6. Yeroo hojii wangeela babal’isuu baa’anitti waajjirri giddu galeessaa fi qindeessitootni
kilaastaraa beeku danda’utu irra jiraata. Dabalataan Tokkummaan Waldootaa Kritiyaanaa
(TWK) fi Kaawunsiliin Waldoota Kristiyaanaas (KWK) beeksifamuun gaarii ta’a

Keeyyata 4
4.1 Barsiisa fi Leenjii
1. FOCUS qorannoo macaafa qulqulluu fi barsiisa adda addaa barattootaaf sadarkaa
mooraattis ta'ee gita biyyoolessaatti kan kennu yommuu ta'u jireenyi barattootaa dubbii
Waaqayyoo keessatti akka eegametti mana barumsaa isaanii akka xumuran irratti ga'ee
guddaa ni qabaata.
2. Seera hundee amantii waldaa kiristiyaanaa kamii wajjin iyyuu wal hin qabanne ta'uu qaba.
Fakkeenyaaf barsiisi kennamu kan akka barsiisa cuuphaa, kennaa irbaata qulqulluu fi kkf
wajjiin kan wal hin qabanne ta'uu qaba.
3. Barsiisa waldaan adda baasu, lagaan adda baasu, tokkuummaa barattoota Oromoo diiguu
utuu dubbatuu/ttuu, barsiisuu/ttuu namni tokko yoo argame miseesummaa irraa halduree
tokko malee haqsiisuuf sababa gahaa ta’ee raawwiin isaa maree waajjira giddu galeessaa fi
boordii waliin taasifama.
4. Barsiisa guutummaa macaafa qulqulluu irratti kan hin hundoofne barsiisa sobaa wajjin kan
wal qabate, barsiisa hundee raajotaa fi ergamootaa irratti kan hin ijaaramne miseensi
FOCUS tokko barsiisuus ta'e hirmaachuun dhorkaadha.
5. Barsiifni kennamu barsiisa dimshaashaa barattoota adda hin baafnee fi gara Kristoositti kan
guddisu ta'uu qaba.

8
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

6. Barattootni miseensa FOCUS ta’an hojii waaqayyoo keessatti akka hirmaannaa qabaatanii
fi darbees akka of kennuun hojjetaniif leenjii barbaachisaan, gorsi dubbii waaqayyoo fi
jajjabinni baratootaaf ni kennama.
7. Leenjii kennameef boodaan kallattii isaan ittin hojjetanii mana waaqayyoo keessatti ija
gaarii godhachuu danda’an irratti barsiisuun akka kennaa isaaniitti akka hojjetan ni ta’a.

Keeyyata 5

5.1 Dhimma Gaa’elaa


5.1.1 Gaa'illi seera qabeessaa fi kabajamaa dha. Isa kana akka seera dubbii sagalee Waaqayyootti
haa gegggeessituuf Waaqayyo Waldaa Kristiyaanaa dhaabee waan jiruuf barattootni
miseensa FOCUS Ministirii taa'an gaa'ela karaa waldaa isaanii malee karaa tokkummaa
kanaa geggeessuu hin dandaa'an.
5.1.2 FOCUS garuu gaa'ila ilaalchisee barsiisa barbaachisaa ta'e ilmaan namootaa yaada
Waaqayyoo keessaa utuu hin ba'iin akka jiraatanii fi gaa'ila qulqullaa’aa akka
geggeeffataniif barsiisaa fi gorsa barbaachisaa ta'e ni kenna. Barsiisaa fi gorsi kunis karaa
namoota dhimmicharratti muuxannoo fi ga’umsa qabaniin akka kennamu ni godhama.
5.1.3 Walitti dhufeenya miseensota felooshiippii dhalaa fi dhiiraa gidduu jiru ilaalchisee wanta
namuusa kristiyaanummaa irraa hin eegamne yoo mul’ate koreen giddu galaa dhimmicha
hordofuu, akka sirraa’uuf gorsa adda addaa kennuu fi yoo sirreeffamuu dadhabame
tajaajilla irraa dhabuu fi adabbiidhaan qalbii jijjiirratanii akka jireenya isaanii ilaalaniif ji’a
sadii irraa jalqabee hanga ji’a jahaatti tarkaanfii namuusaa fudhachuu qaba.

9
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

Keeyyata 6

6.1. Kaffaltii Dhibbentaa Digdamaa Waajjira Giddu Galeessaa

FOCUS deggersa dhaabbataa adda ta’e sababa hin qabneef Felooshiippiin miseensa ta’e
kamiyyuu, akka murtoo yaa’ii waliigalaatti, galii argatu irraa amanamummaadhaan dhibbeentaa
digdama (20%) hojii waajjira giddu galeessaa cimsuuf ji’a lamaaf torbee lama lamaan galii taasisa.

Keeyyata 7

7.1. Guyyaa fi Bakka Waaqeffannaa


1. Guyyaan sagantaa felooshiippii guyyaa dilbataa (sanbata guddaa) ala ta'uu mala. Guyyaa
dilbataan barataan/ttuun kamiyyuu waldaa yeroo maatii isaa/ishee bira turetti/tetti miseensa
itti ta’anitti waaqeffachuu malu. Seerri kun kan hojiirraa oolu haala naannoo itti
waaqqefatan irratti hundaa’uun rawwatamuu qaba, kana jechuun waldaa itti dilbata
waaqeffatan argachuu fi argachuu dhabuu, haala qabatamaa naannoo itti barattootni baratan
hubannoo keessa kan galfate ta’a.
2. Chaappilii keessatti waaqeffannaan taasifamu ijaaruun xiyyeeffannaa FOCUS isa hangafaa
miti. Haata’u malee, iddoo waldaan (bakki waaqeffannaa) hin jirretti yookaan bakka
waldaan/waldootiin naannoo sana jirtu/ran heyyamamtuu/moo hin taanetti
Felooshiippiiwwan wajjira gidduu galeessaa hubachiisuun chaappilii bakka waaqeffannaaf
mijatu (dhiyeenya qabu) kireeffachuu yookaan lafa bitanii ijaaruu malu.
3. FOCUS bakka waldaan damee Felooshiippii isaa keessumsiiftu jirtutti chaappilii (bakka
waaqeffannaa) addaa hin ijaaru.

10
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

Keeyyata 8
8.1. Naamusa Kristiyanummaa Miseensota FOCUS
1. Miseensi FOCUS kamiyyuu dubbii dharaa fi burqaan isaa hin beekamne facaasuu fi itti
hirmaachuun akka badiitti ilaalamee nama adabsiisa.
2. FOCUS miseensi isaa akka dubbii sagalee Waaqayyootti qulqullinatti akka jiraataniif
barsiisa dubbii sagalee Waaqayyoo ni kenna, ni gorsas.
3. Miseensi FOCUS kamiyyuu qulqullina jireenya hafuuraa isaatii eeggachuun tajaajiluu
qaba.
4. Barataan gorfamus fudhachuu didee shaakala qulqullummaa dhabuu keessatti yonnaa hafe
miseensa FOCUS jedhamee ragaa barbaachisaan xumura barnoota isaatti/isheetti hin
kennamuuf.
8.2. Adeemsa Gorsaa fi Tarkaanfii Miseensa Naamusa FOCUS Balleessee
1. Mul’atnii fi ergamni FOCUS barattoota dubbii sagalee Waaqayyoo fi jireenya hafuuraatti
guddisuun hojii fuula isaanii jiru bal’aa fi guddaaf isaan qopheessuudha. Adeemsa kana
keessatti barataan kamiyyuu akka dubbii sagalee Waaqayyootti jiraachuu fi deddeebbi’uu
yoo dide/didde karaa koree felooshiippii:
- Gorsi barbaachisaan afaaniin ni kennamaaf, gorsa kennanii kan gadi dhiisan utuu hin
ta’in koreen kun barataa/barattuu kana ni hordofu, ni jajjabeessu, ni kadhatuuf,
akkasumas ni gorsus.
- Yoo barataan/barattuun kun hojii fi jireenya akka dubbii sagalee Waaqayyootti
fudhatama hin qabne kana irraa deebi’uu dide/didde akka inni/isheen of qoruuf/qortuuf
carraa ji’a sadii hanga ji’a ja’aatti kennuufiin akka isaan tajaajila dhaabuun of ilaalan
ta’ee jireenyi isaanii yoo sirraa’ee fi akka dubbii Waaqayyootti gaabbaniiru yoo ta’eef
koreen akka iddoo isaaniitti deebi’an ni godha.
- Kana hundumaan yoo deebi’uudhaa dadhaban kilaastarri haala kana keessa galuun
tajaajila kamiyyuu akka isaan hin laanne godhamee xalayaa seera qabeessaan gorsa
kennameefii waliin waajjira giddu galeessaaf erga.
- Waajjirri giddu galeessaas barataan/barattuun kun akka inni/isheen waldaa irraa
dhufeen/dhufteen gorfamu/gorfamtuuf xalayaa seera qabeessa gara waldaa
barataa/barattuu kanaatti ni barreessa. Deebi’uu isaaniis itti dhiheenyaan duukaa bu’a.

11
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

Keeyyata 9
9.1. Karoora, Gabaasaa fi Yeroo Maree/Kadhataa
1. Wagga waggaadhaan karoorri hojii waggaa tokkoo karaa koree Felooshiippicha
geggeesuutiin miseensota hundaaf ni dhiyaata.
2. Gabaasni raawwii karoora waliin wal madaalame haala mijeessummaa koree
Felooshiippiitiin waggaatti yeroo lama ni dhiyaata (dhiyeesssiin gabaasaa kun Sadaasa 10-
15 fi Ebla 10-15tti akka geggeeffamu eegama).
3. Mooraaleen FOCUS ministirii miseensa taa’an marti gabaasa hojii miseensotaan ragga’e
waggaatti si’a lama (), Ebla 15-30 fi Saadaasa 15-30 tti kilaasteraaf erganii kilaastarri gara
waajjira giddu galeessatti ni erga.
4. Gabaasni dhiyaatu akkaataa unka waajjira giddu galeessaa irraa kennamuun dhiyaata.
5. Miseensa hunda kan hirmaachisu yeroon marii waggaatti si’a lama ni mijeeffama.
6. Yeroo kadhata bultii miseensa hundaaf waggaatti yoo xiqqate si’a tokko ni mijjeeffama.

Keeyyata 10
10.1. Koree Kilaasteraa fi Gahee Isaa
1. Akkaataa walitti dhiyeenyaa (qubsuma lafaatiin) felooshiippiiwwaniitti koreen kilaasteraa
haala mijeessummaa waajjira giddu galeessaa fi boordii ministirichaatiin namootni
mooraalee geggeessan miseensa kaawunsilii kilaastaraa (members of cluster councel)
taa’anii isaan keessa namni sadii hojii rawwachiiftuu ni ta’u, kanneen hafan miseensa
kaawunsilii sanaa ta’uun hojjetu.
2. Barri hojii koree kanaa ganna lama yommuu ta’u marsaa lamaa ol tajaajiluun hin
dandaa’amu.
3. Karoora waggaa hojiiwwan sadarkaa kilaasteraatti hojjetaman karoorsuun wajjira giddu
galeessaaf gabaasuu.

12
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

4. Kurmaanatti yeroo tokko wal-arguun raawwii hojjii Felooshiippiiwwan kilaastera sana


keessa jiranii ni gamaaggamu, bu’aa gamaggama sanaa waajjira giddu galeessaatiif ni
gabaasu.
5. Adeemsa felooshiippii naannoo isaanii itti siqeenyaan ni hordofu.
6. Rakkoo fi dogongorri felooshiippii tokko keessatti yoo uumame koreen felooshiippii akka
sirreessuuf yaada, kallattii fi gorsa barbaachisaa ni fayyada jedhee itti amanus ni kenna.
7. Felooshiippiin tokko yoo akka tasaa ta’ee barattootni naannichatti ramadamuu dhiisuun
felooshiippiin dhaabbate, meeshaa jiru galmeessanii gara waajjira giddu galeessaatti galii
akka ta’u godhu.
8. Akkaataa barbaachisummaa isaaniitti mi’i seeraan galii ta’e kun gara waajjira gidduu
galeessaatti galii gochuun ragaa nagahee itti galii godhan fudhatu.
9. Felooshiippiin tooftaa ittiin galii argatu mala dhahuun koree felooshiippii waliin irraatti
hojjetu. Qabeenyi galus seeraan akka hojii irra oolaa jiruu fi bifa seera qabeessa ta’eenis
felooshiippiiwwan akka itti fayyadamaniif ni gorsu, ni gargaarus.
10. Leenjiin mata duree akkamii fi yoom akka mooraalee jiran barbaachisu irratti ni mari’atu,
waajjira giddu galeessaa waliinis ta’uun akka kennamuuf ni karoorsu, karoorris akka hojii
irra ooluuf irratti hojjetu. Bifa ittiin mooraaleen naannoo isaanii keessa jiran bakka tokkotti
wal ga’uun leenjii argatan irratti ni hojjetu.
11. Koreewwan felooshiippiif leenjii barbaachisaadha jedhan ni kennisiisu.
12. Felooshiippiin tokko akka bifa qindaa’aa ta’een itti fufuuf koree felooshiippii waliin ta’uun
ni hojjetu.
13. Rakkoon yoo jiraate humna koree felooshiippii ol ta’e irratti hojjechuun furmaata kennu.
14. Felooshiippiiwwan kilaastericha keessa jiran walta’uun waajjira kilaasteraa akka
qabaataniif ni jajjabeessu, irrattis ni hojjetu. Humni isaanii kan danda’u yoo ta’e akka
hojjetaa qacaratanii hojii isaanii bal’inaan hojjetan ni gargaara.
15. Mooraaleen chaappaa isaan bira jiru bifa seera qabeessa ta’e qofaan akka itti fayyadamaniif
ni to’ata.
16. Rakkoon humnaa oliis yoo jiraate gara waajjira giddu galeessaatti ni gaabaasa, furmaata
hatattaamaafis irrati ni hojjeta.

13
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

17. Galii waajjira giddu galeessaa dinagdeedhaan gabbisuuf ni hojjeta, kana jechuun 20%
hordofee kaampaasootni lakkoofsa herregaa dhaabbataa irratti akka kuusan ni hordofaa ni
raawwachiisa.
18. Qindeessaan kilaasteraa fi miseensonni kaawunsilii kilaasteraa yoo rakkoo namuusa waliin
wal qabatuun himatni felooshiippiwwan irraa itti dhiyaate dhimma isaanii ilaaluun kan
murtee barbaachisaa ta’e kennu danda’u waajjira giddu galeessaa ta’a.
Feelooshippiiwwanis ragaa qabatamaa ta’e waajjira giddu galeessaatiif kennuudhaan
adeemsa rakkoo namuusaa uumame sana furuu danda’uun ni deggeru.

Keeyyata 11
11.1. Itti Fayyadama Qabeenya Ministirichaa

11.1.1. Itti Fayyadama Chaappaa

1. Waajjirri FOCUS chaappaa hojjechiisee mooraaleen hundi rakkoo tokko malee hojii isaanii
saffisaan akka hojjetaniif karaa seera qabeessa ta’een ni kenna. Chaappaan kunis seeraan
akka itti fayyadaman itti siqeenyaan ni hordofa.
2. Chaappaan kan mooraa bifa seera qabeessa ta’e qofaan, waantota seera qabeessa ta’an
qofaafis itti fayyadamuun bakka eegumsa qabu ni kaa’a. Akka seeraattis akka itti
fayyadamamuufis eegumsa sirrii godha.
3. Chaappaa mooraatti kenname dantaa dhuunfaa fi kan biroof barataa/ttuu tokkoof ykn nama
dhuunfaaf fayyadamamee yoo argame akka seera biyyichaatti yakkaan nama adabsiisa.

11.1.2. Galmeessa fi Itti Fayyadama Qabeenyaa Ministirichaa

1. Meeshaalee kamiyyuu (fakkeenyaaf: teessoo, meeshaa muuziqaa, kitaaba, kkf)


faayidaa/tajaajila felooshiippiitiif yeroo bitaman maqaa FOCUS Minstiriitiin bitamu,
galmeeffamus.
2. Meeshaaleen namoota dhuunfaa irraa bifa kennaatiin gumaachamanis maqaa FOCUS
Ministiriitiin galamaa’ee taa’a. Namootni meeshaalee kana bifa kennaatiin gumaachan
deebisanii fudhachuu hin dandaa’an.

14
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

3. Chaappiliin (iddoo waaqeffaannaa) yeroo bitamu maqaa FOCUS ministiriitiin


galmeeffama. Yeroo bitamanis adeemsa/seera bittaa meeshaalee ministrichi hordofu
adeemuun kan bitaman ta’a.
4. Meeshaaleen feelooshiipponni qaban hundinuu koodiin addaa kennameefii erga
galmaa’anii booda ragaaleen oriijinaalii taa’an harka geggeessitoota felooshiippichaa akka
kaa’amu yommuu taasifamu, kooppiin ragaalee kanaa immoo waajjira giddu galeessaatti
ergamuun dirqama.
5. Yeroo jijjiirraan koree taasifamu meeshaaleen jiran hundi galmee irra tooraan galmaa’anii
jiran gara koree itti aanutti bifa seera qabeessa ta’een bakka qindeessitootni kilaasteraa
jiranitti wal harkaa fuudhinsi raawwatama. Koreen duraanii meeshaalee cabanii fi badan
hundumaaf itti gaafatamummaa guutuu ni fudhatu, bakka ni buusu.

Keeyyata 12

12.1. Dantaa FOCUS Eegsisuu

1. Miseensi FOCUS kamiyyuu dhimmoota dantaa FOCUS kan tuqsiisuu danda’u keessatti
hirmaachuu hin danda’u.

Keeyyata 13

13.1. Filannoo Koree Felooshiippii Geggeessanii

1. Filannoon gita mooraatti kan geggeeffamu duraan dursee miseensonni guutuun torbee
walitti aanuu lamaaf erga irratti kadhatanii booda koreen filachiiftuu miseensa guutummaa
keessaa filatamu.
2. Koree filachiiftuu filuuf mirga kan qabu miseensa guutummaadha. Koreen filachiiftuus
namoota shan yommuu ta'an isaan kun koree kanaan duraa geggeessummaatiin hojjetaa
turan keessaa nama tokko kan of keessaa qabu yommuu ta'u mana keessaa ammoo namoota
afur itti idaa'amee walumaagalatti namoota shan taa'anii waliin kadhimamtoota filannoof
qopheessu. Haaluma kanaan koree filachiiftuun kaadhimmamtoota sagal kan dhiyyeefamu
ta’ee isaan keessaa namoota shan hojiichaaf aanjjeefamu.

15
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

3. Koreen filachiiftuu manaan kan filataman sababa ta’eef kan isaan irratti kadhatanii
filannoof dhiyeessan fudhatama qaba.
4. Koreen geggeessitoota felooshiippii kornayaan walqixxummaa kan calaqqisiisu fi
dhibbeentaa 33 dubara keessaa ta'uu mala.
5. Namoonni filannootti dhiyaatan jireenyi isaanii ni ilaalama. Utuu hojii hin eegalinis leenjii
barbaachisaan karaa kilaastraa mijjeefama.
6. Koree geggeessaa ture keessaas akkaataa barabaachisummaa isaatti si'a lama kan hin
filamne filannootti dhiyaatee filamee si'a lammaffaaf hojjechuu ni dandaa'a.
7. Qabeenya felooshiippii koree kanaan dura hojjetaa turan harkaa bifa seera qabeessa ta’een
oodiitiin ta'ee warra haaraatti dabarfama.
8. Koreen felooshiippii mooraa erga filannoon ta'ee booda dura ta'aa, itti aanaa dura ta'aa,
barreessaa, qarshii qabduu fi oodiitera of keessaa filatu. Kun kan ta’uun irra jiraatu warra
koree giddu galeessa taa’anii filataman gidduutti filannoo adeemsifamee ni raawwatama.
9. Filannoo kana akka itti dhiyeenyaatti kan jalqabaa qabee hanga dhumaatti hordofuun
fiixaan ba'umsa akka argatu kan godhu koree kilaastera naannoo sanaati.
10. Lafa koree kilaasteraa hin hundeeffamin jirutti garuu koreen geggeessitoota felooshiippii,
koree filachiiftuu fi waajjira giddu galeessaa waliin ta’uun ni raawwachiisa.
11. Gaafuma koreen felooshiippii filamu sana koree geggeessitootaan alatti namoonni itti
gaafatammummaan isaanii miseensaaf ta’e akkasumas waajjira giddu galeessaaf ta’e lama
akka qorqortuu alaatti (external auditor) kaa’amuun irra jiraata. Kunis miseensa keessaa
miseensumaan kan filataman ta’a.
12. Namoonni kun (oditeroonni alaa) waggaatti yeroo afur baasii fi galiin feelooshiippichaa
bifa seera qabeessa ta’een adeemaa jiraachuu isaa qorqorrii (oodiitii) ni taasisu. Koreen
felooshiippiis yeroo namoonni kun qorqorrii kana raawwachuuf ragaalee isaan barbaadanii
gaafatan hundumaa kennuufii fi deggeruun dirqama.
13. Odiiteroonni alaa kun yeroo hundumaa bu’aa oodiitii isaanii kallattiidhaan miseensatti
beeksisu, akkasumas gabaasa isaa waajjira giddu galeessatti yeroodhaan gabaasuu qabu.
14. Odiiteroonni alaa kun maallaqa felooshiippichaa qofa osoo hin ta’in meeshaalee
feelooshiippichi qabu hundumaa qorqoruuf aangoo qabu.

16
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

15. Koreen gidduu galeessaa kun filannoof dhiyatee yeroon hojii isaati waggaa tokko yommuu
ta’u, si’a lammataaf irra deebiin filamuu dandaa’a.

13.2. Ga'ee Dura ta'aa Felooshiippii

1. Walgayii koree felooshoippii ni waama. Hayyu durummaadhaan ni geggeessa.


2. Ajandaa guyyichaa barreessaa wajjin mariyachuun dhiyeessa, murtoo murtaa'es hojii irra
akka ooluuf duukaa ni bu'a.
3. Itti gaafatamummaan isaa/ishee koree felooshiippii fi felooshiippii filate san qofaaf ta'a.
4. Hojii felooshiippii guutummaatti itti siqeenyaan ni to'ata.
5. Horiin felooshiippii yeroo yerootti akka mana baankiitti galuuf haalduree barbaachisaa
koree waliin ta'uun bifa seera qabeessaan ni hojjeta. Gabaasa hojii barreessaa waliin ta'uun
kilaasteraaf ni erga.
6. Heerrega mana baankii ni sochoosa akkasumas baasii fi galiin felooshiippichaa seera
faayinaansii eeguu isaa ni mirkaneessa.

13.3. Gahee hojii itti aanaa dura ta'aa

1. Dura ta'aan bakka hin jirretti bakka bu'uun ni hojjeta.


2. Hojii dura ta'aan keennuuf kan biraa waliin ni hojjetu.

13.4. Ga'ee barressaa

1. Dura ta'aa wajjin ajandaa ni qopheessa.


2. Harshima (sanadaa) felooshiippichaa sirriitti ni eega.
3. Dura ta'aa waliin ta'uudhaan maallaqa felooshiippichaa kan baankii jiru ni sochoosa, ni
mallatteessa.
4. Barreeffamni ykn qaboon yaa'ii garagaraa isaa ilaallata.

13.5. Gahee qarshii qabaa/duu

1. Horii felooshiippii FOCUS kamiyyuu dabtarri mana baankii dabalatee qarshii guyyaatti
argamu mara naga'ee seeraan funaanuun mana baankii galcha/ti.

17
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

2. Horiin felooshipppii yoo bade itti gaafatamummaan isaa kallattiin namoota horii waliin
walitti dhufeenya qaban kamiyyuu itti gaafatamummaa jalaa hin baa'an.
3. Hojii garagaraaf (petty cash) akka ta'uuf harka qarshi qabaa/duu kan taa'u hanga qarshii
500.00 (dhibba shan qofa) qofa.
4. Akkuma galiin seeraan naga'een galu baasiin jirus naga'ee seeraan ba'uu qaba.
5. Ji’a ebilaatii hanga ji’a waxabajjiitti oodiitii seera qabeessi ta'e hojjetamee horiin koree
tokko irraa isa haaraa filametti darba.
6. Felooshiipppii tokko keessatti lakkoofsi herregaa dhaabbataan manneen bankii lama qofaa
irraa banamuu qaba. Lakkoofsi herregaa kunneenis maqaa felooshiippichaatiin ta'uu qaba.
Maqaa namoota dhuunfaa geggeessitoota feelooshiippichaatiin ta’uu hin qabu.
7. Kaampaasiin hundumtuu lakkoofsa herregaa isaanii kilaastaratti isaaniiti erguu fi waajjira
gidduu galeessaatti beeksifamuu qaba.
8. Lakkoofsa herregaa kana kan sochoosan nama sadii yommuu taa'an, isaanis qabaa
maallaqaa, dura ta'aa fi barreessa ta'uu qabu.
9. Yommuu koreen geeddaraman lakkoofsi baankii akkuma jirutti ta'ee maqaan
mallatteessitootaa (signatories) seeraan xalayaa waajjira giddu galeessatiin ni jijjiirama.
13.6. Ga'ee Qorqortuu (Ooditarii) Keessoo
1. Ooditariin alaa koree felooshiippii keessaa ta'uu hin qabu. Garuu barattoota keessaa
filatama.
2. Ooditariin itti gaafatamummaan isaa felooshiippiif ta'ee hojiiwwan armaan gadii hojjeta.
3. Horii fi qabeenya feelooshiippichaa sirrii ta'uu isaa ni too'ata.
4. Hojiin felooshiippichaa akka seera ittiin bulmaataa kanatti deemuu isaa fi hin deemnee isaa
ni too'ata.
5. Akkaataan galii fi baasii hojii felooshipppichaa akka seeraatti deemuu fi dhabuu isaa ni
to'ata.
13.7. Qorqorrii Waliigalaa (alaa)
1. Horiin waggaatti felooshiippiin tokko argatu akka seera FOCUS qabutti dhuma waggaa
irratti qorqorriin seera qabeessi ni gaggeeffama.
2. Firiin qorqorrii kanaas waajjira gidduu galeessaaf ji’a waxabajjii dura gabaasa ni ta’a.

18
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022
FOCUS Ministry

3. Naga’een basii fi galii irraa cite dhumes achuumaan ji’a waxabajjii dura waajjira gidduu
galeessaa ga’uu qaba.

13.8. Koreewwan gara garaa hundeessuu


1. Koree Felooshiippii geggeessu akka barbaachisummaa isaatti koreewwan gara garaa
hundeessuu danda’a (fakkeenyaaf: koree kadhannaa, koree dhuga ba’umsaa, koree
keessumsiiftuu, kkf)
2. Koreewwan garaa garaa felooshippii FOCUS Ministry itti gaafatamummaan isaanii koree
gaggeesitootaaf ta’ee koree kanaaf hojii hojjetan ji’a sadii sadiin gabaasa ni godhu.
3. Galiin koree hundi argatu lakkoofsa herregaa (akkaawuntii) baankii tokko qofatti
galmaa’ee gala, yeroo koreen tokko hojiif seeraan horii barbaadu seeraan bahee kennamaaf.
4. Koreen koree waliigalaa jalatti hundeeffamuu kamiyyuu lakkoofsa herrega mataa isaa
banachuu hin danda’u.

Keeyyata 14
14.1. Gaggeesitootni feelooshiippii bara kamiyyuu filataman haariiroon isaan waldaa kiristiyaanaa
waliin qabaatan fayyalleessaa fi jabina kan qabu ta’uutu irra jiraata.

19
Seera ittiin bulmaata felooshiippiiwwan FOCUS, bara 2022

You might also like