You are on page 1of 20

BIIROO PABLIIK SARVIISII FI

MISOOMA QABEENYA NAMAA


OROMIYAATTI,
Qajeelfama Haala Raawwii Fayyummaa
fi Nagummaa Naannoo Hojii Hojjetoota
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Amajjii bara, 2014
Finfinnee
[
Haala RaawwiiFayyummaa fi Nagummaa Naannoo Hojii
 Nageenyaa fi fayyummaa Naannoo hojii ilaachisee labsii
hojjattoota mootummaa 215/2011 kutaa jahaa keeyyata 52
hanga 62tti tumametti Nagummaa fi Fayyummaan
naannoo hojii naguummaa fi fayyummaa hojjetoota
mootummaa eeguun gahuumsa hojii isaanii gudddisuu,
iddoo hojii haala nageenyaa fi fayyummaa hojetaa
mootummaatiif mijatuu qopheessuu fi eeguun mannii hojii
mootummaa jireenyna haawaasumma gaarii irratii
hunda’ee bu’aa hojii olaanaa akka galmeessisuu
gahoomsuuf, Hojjataan mootummaa tokko iddoo hojiitti
waantotaa fi haaloota nagummaa fi fayyummaa isaa irratti
dhiibbaa geessisuu danda’an irraa bilisa ta’ee
xiyyeeffannoon isaa hojii irratti ramadame milkeessuu kan
dandeessisu hojimaatni diriiruu qaba.
-
Gahee fi Ittii Gaafatamummaa Manneen Hojii fi
Hojetootaa:
 Manni hojii mootummaa raawwii hojii mana hojii

isaa keessatti fayyummaa fi nagummaa hojjetaa fi


naannoo hojii irratti hojiin hojjetamu of eeggannoon
akka hojjetamuuf haala mijeessuu qaba.
 Kewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan

ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan mootummaa


mana hojii hojjechaa jiru keessatti fayyuummaa fi
nagummaa dhuunfaa isaa fi naannoo mana hojii isaa
eeguunii fi hojiilee hojjetu keessatti rakkoon akka
hin uumamnetti hojii idilee isaa raawwachuu qaba.
-
Fayyummaa fi Nagummaa Naannoo
Hojiimirkaneessuuf Gahee Manneen Hojii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sadarkaan
Jiran:
 Manneen Hojii Mootummaa balaa fi
dhibeewwaan sababa hojiitiin dhufan ittisuuf
mooraan manneen hojii, kutaalee hojii keessatti,
teessuma mijata, qilleesnsa fi ifa gahaa qaban,
meeshaalee hojii gahaa fayyaa hojetootaa kan
miidhuu hin dandeenyee fi qulqullina qaban
akka guutaman taasisuu qabu,

[ Manneen hojii mootummaa naannoon hojii
wantoota faalama qilleensaa uuman, argaa
dhageetii miidhan,keemikaalota,calaqisa adda
addaa ,xuraawaa warshaalee keessaa
bahan,iddoo xuraawwaan dhangala’aa fi gogaan
ittii gatamu foolii badaa dhufu, faalama sagalee
meeshaalee muuziqaa fi dhuka’aa adda addaa
irraa bilisa kan ta’an ta’uu qaba.

-
Manneen hojii mootummaa hojettootaaf
hawwataa kan ta’an, mana fincaanii dhiiraa fi
dubartii qulquluu addaatti kan qaban
qopheessuu qabu.
 Nageenya naannoo hojii eegsisuuf manneen
hojii eegummaasaaf mijataa ta’uu, manni
waardiyya, bakki waardiyoonnii itti boqotan
meeshaleen akka firaashii ,uffata qorraa ,
ansoolaa fi tiriika guutamu qaba.
 Meeshaalee ittisa balaa tasaa addaa addaa
jiraachuu qabu,

-
Dhibeewwan rakkoo qulqullina dhabuu naannoo
hojiin wal qabatanii hojjetaa irra gahaniif ragaa
ogeessa dhimmi ilaaluun yoo mirkanaa’e manni
hojii kan itti gaafatamu ta’a.
 Waa’ee fayyummaa fi nagummaa naannoo hojii
irratti sagantaa barumsa fi leenjii qophessuun
hojettootaaf leenjiin hubannoo uumuu akka
kennamuu ni taasisa hojii kanaaf baajata
barbaachisu ni qabata.

-
Manni hojii mootummaa ragaalee eegumsa
fayyummaa fi nagummaa naannoo hojiif
meeshalee ittisa balaa guutu ta’e tartiibaan ni
qindeessa, balaawwan naannoo hojiitti gahuu
danda’an akaakuu fi sadarkaan isaanin,
tarkaaffiwwan fudhatamuu qaban galmaa’anii
akka taa’an ni tasiisa.
 Manneen hojii wantoota fi haaloota balaa fi
fayyaa hojettoota isaani miidhan, toftaa ittiin
ofirraa ittisuu danda’an irratti hubannoo uumuu
qabu,
 Manneen hojii hojettootaaf meeshalee ittisa
balaa yeroon dhiyeessuun hojii irra akka oolan
[

taasiisu qabu.
 Raawwii hojii irra oolmaa fayyummaa fi
nagummaa naannoo hojii mijeessuf Hoggansi
Misomaa fi qabeenya namaa Mana hojichaa
yookiin puulii tajajilaa iddoo tokkoo
fayyummaa fi nagummaa naannoo hojii ni
ramada.
 Komiiwwan, eeruun fayyumaa fi nagummaa
naannoo hojii irratti hojetoota irraa dhiyaatan
qulqulleessun tarkaafii sirreefamaa ni fudhatu,

-
Manneen hojii haala qabataamaa isaanittiin
iddoo hojii milkaa’a taasisuuf meeshaaleen
qunnamtii bilbilli, ibsaan, jenereetarri, bishaan,
iddoon aara galfii abbaa dhimmaa fi kafteeriyaa
jiraachuu qaba;
 Pirootookoliin eegamuu qabu qaama dhimmi
ilaalatuun kan qophaa’uu ta’ee, manneen hojii
mootummaa hundi akkataa walittii dhiyeenya
isaaniitiin yookiin dhuunfaan hadhoolee ijoollee
xixiqqoo qabaniif iddoo tursisa daa’iimmannii
qabaachuu qabu;

-
Hojii deeggarsafi hordoffii Caasaa Biiroo
Pabliik Sarviisii fi Misoma Qabeenya Namaa
kan rawwatamuu ta’a.
 Manni hojii kamiyyuu haalli ijaarsaa fi
teessuma waajiraalee dubartoota ulfaaf, qaama
miidhamtootaa, maanguddotaa fi maamiltoota
isaani adda addaaf mijataa ta’uu qaba.
-
Gahee Hojii Daayirektoreetii yookiin Dursaa Garee
Hooggansa fi Misoma Qabeenya Namaa Manneen
Hojii
 Karoora hojii Hojii nagummaa fi fayyummaa
qabatamaan hojii irra oolchuuf baajata (baasii) waggaaf
barbachiisu mana hojii fedhii baajataa karoorsuun
hojiirraa ni oolcha.
 Eegumsa nagummaa fi fayyummaa naannnoo hojii itti
dhiyeenyaan kan hordoffi barbaadu ta’uu hubachuun
hawaasa mana hojiif gorsa ni kenna.
 Ogeessoota hoggansa qabeenya namaa Nagummaa fi
fayyummaa naannoo hojii irratti hojetan yeroo yeroon
hordofuun deeggaruun tarkanfilee foyya’iinsa adda
addaa ni fudhata.

-
Meeshaaleen nagummaa fi fayyummaa naannoo
hojiif barbaachisan akka yeroon guutaman fi
hojiirra oolan ni taasisa.
 Ragaaalee nagummaa fi fayyummaa naannoo
hojii ilaalan qindeessuun ni qabata.
 Dhimmoota nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii
ilaalan irratti qoratee mana hojii dhiyeessuun yoo murtii
argatee hojii irra ni oolcha.
 Dhimmoota nagummaa fi fayyummaa irraatti eeruu fi komiwwan
dhiyaatan ni qulqulleessa, akka raawwatamu ogeessatti ni
ramada, gabaasoota ogeessa irraa dhiyaatan irraatti murtii ni
kenna, yookiin akka barbachiisummaa isaatti hogganaa olaanatti
dhiyeessuun yoo murtaa’uu akka raawwatuu ni taasisa.

-
Nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii irratti
qaamoota isaan ilaallatu waliin ta’uun karoora
leenjii qopheessuun hojettoonii akka leenji’an ni
taasisa.
 Hojii nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii
abbumaa dhabee akka hin dagatamneef
hojjetoota keessaa ogeessa hoggansa qabeenya
namaa tokko ni ramada , naannoo hojiitti
hojettoonni nagummaa fi fayyummaa naannoo
hojii isaani akka eegan deggarsa barbaachiisa
ta’e ni taasisa, dub-deebii ni kanna, ni gorsa
hojii irra ni oolcha.

-
Godinaalee, bulchiinsa magaaloota fi aanaalee
irratti gareen hoggansaa fi misoma qabeenya
namaa sadarkaa puuliitti gurmaa’ee mijaa’ina
iddoo hojii sekteraalee itti waamamaniif
deggersaa fi hordoffii ni taasisa, sadarkaa isaan
irra jiranis duraa duubaan sadarkeessun hanqina
qaban fooyyeessa akka deemaniif kallattii ni
kenna.
 Bakka yaddoon balaaf saaxilamuu jira jedhee
amaneetti hoogganaa mana hojiitiif yaada
dhiyeessuun akka sirreefamu ni taasisa.
Dirqama hojettoota mootummaa:
 Hojjetaan mootummaa kamiyyu;
-

 Qajeelfamoota nagummaa fi fayyummaa eeguuf bahan

beekuun fi kabajuu qaba,


 Meeshaalee hojii fi ittisa balaa isaaf kennaman sirnaan

fayyadamuu qaba.
 Haalawwan balaa geesisuu danda’an jiraachuu isaanii

yeroo tilmamu itti gaafatamummaa mana hojii ilaalatuuf


battalummatti beeksisuu qaba.
 Hojetaan mootummaa miidhaa yookiin balaa naannoo

hojiitti irra gahe sa’aatii digdamii afuri (24) keessatti


mana hojii beeksisuu qaba.
 Hojetaan mootummaa leenjii fayummaa fi nagummaa

kennamuu irrattii hirmaachuu qaba.


Haala Qabiinsa Ragaa
Manneen Hojii Mootummaa haala nagummaa fi fayyummaa
-

naannoo hojii mana hojii isaanii ilaalchisee ragaa guutuu


qabachuun, akka barbaachiisuummaa isaatti qaama dhimmi
ilaallatuuf yeroo fi qulqulinaan dhiyeessuuf dirqama qabu.
 Gabaasi nagummaa fi fayuummaa naannoo hojii gabaasa
hojii idilee waliin qindaa’ee yeroo yeroon qaama dhimmi
ilaallatuuf dhiyessuu qaba.
 Daayireektoreetiin Hoggansa fi Misooma Qabeenya Namaa
sadarkaa Manneen Hojii sadarkaa naannoo hundi xumura
waggaa irratti lakkoofsa hojjetoota uffanni seeraa
kennameef, gitoota hojiitiin adda baasuun bay’ina, gosa
uffanni hojii, baasii fi fi meshaa hojii kan ibsu ragaa
qopheessanii ni qabatu qaama dhimmi ilaalu irraa yeroo
gaafatamanis ragicha ni dhiyeessu.

-
Daayirektoreetii/ Dursaa Gareen hoggansa fi
misoma qabeenya namaa sadarkaa Godiinaa,
Bulchiinsota Magaalotaa fi Aanaaleetti argaman
puulii fi sekteraan adda baasuun xumura
waggaa irratti gabaasa raawwii hojii hojjetoota
gitoota hojii uffata hojii fi meeshaaleen hojii
hayyamameef irratti ramadamanii uffatni hojii
fi meeshaaleen hojiirra oolee fi baajata dhimma
kanaaf bahe qindeessee ni qabata, qaama
dhimmi ilaallatuuf gabaasa ni dabarsa.
-
Haala Komiin Itti Keessummeeffamu:
 Raawwii kenniinsa uffata fi meeshaalee hojii
miidhaa hojii irratti gahuu irratti qaamni komii
qaba jedhu adeemsa keessummeessa komii
eeguun mana hojii sadarkaa Aanaa irraa kaasee
hanga Naannootti komiin dhiyaatee furmaata
akkaargatuni taasifama.
-

Gochaawwan Dhorkaman:
 Gitoota hojii qajeelfamaan uffatni hojii
hayyamameen ala uffata hojii kennuus ta’e
baajata bittaa uffata hojiif qabame maallaqatti
jijjiiraanii kennuun dhorkaadha.Hoogganaas
ta’e hojjetaan dhorkaa kana cabsee seeran ala
raawwatesta’e raawwachise seeraan Kan
gaafataman ta’a.

You might also like