You are on page 1of 21

QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)



QAJEELFAMA ISKIRIIPTII RAADIYOO BARREESSUU
(Writing Scripts for Radio- news and programmes)
Sagantaa raadiyoo hojjachuun qarummaa teeknikaa barbaada. Yaada
sagantaa gabbisanii haala gaariin iskiriiptii barreessuudhaan gara
sagantaatti geeddaruudha hojiin guddaan. Kennaa addaa, dandeettii waa
kalaquufi cimina hojii miidiyaa namni qabu sagantaa raadiyoo hojjachuun
waan isa rakkisu miti. Gaazexeessaan raadiyoo tokko dandeettii-gabaasuu,
barreessuu, gaaf-deebii hojjachuu, gulaaluu, meeshaatti akkaan
fayyadamuu, tamsaasa kolbaan dhageeffattoota mariisisuufi sagantaawwan
raadiyoo tamsaasuu qabaatu gaariidha. Raadiyoorra hojjachuun fedhii
barbaaddi; fedhii haasawuu, fedhii yaada namaa dhageeffachuu, fedhii
waan argaadhageettii dhageeffattootatti himuu faatu barbaadama.
Naamusniifi yaadaa qindaawaa dhageeffattootaaf galu dubbiin yookaan
barreeffamaan akkaan dhiheessuunis waan biraati.
- Waa hundarraa waan muya beekuun (hinbeekuun hintaatu),
- Barachuufi jijjiiramuuf fedhii qabaachuu,
- Ijaa-gurra odeeffannoo qabaachuu,
- Fedhii dhimma namootaa dhageeffachuu-jireenya, mindaa, oomisha
isaanii, mirga isaanii, kkf
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

- Maddi odeeffannoo kan akka fedheyyuu haatauu shakkuun amala
gaazexeessaa gaariiti;
- Jecchoota muraasaan ergaa mamii hinqabneefi nama maraaf galtu
sirritti(osoo hindogongorre) dabarsuu dandauun,
Namni sagantaa hojjatu kaayyoo sagantaa san qopheessuuf beekuun
ammoo waan dabalataati. Kana yoo jennu barsiisuuf, bashannansiisuuf
moo bashannansiisaa barsiisuuf? Sagantaan dhageeffataa maraaf moo
dhageeffataa murtaaeef/muyoof dhihaata? Qopheessaan dhageeffataa isaa
adda hinbaafanne, dhageeffataa garaa gahuufi dhiisuu isaa waa adda
hinbaafatu.

Adeemsa hojii sagantaa
yaada
karoora
qorannoo piroodaakshinii
madaallii
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

YAADA MADDISIISUU: Yaadni qophii bakka biraatii hinmaddu.
Jireenyi ilmaan namaa harki caalu ija ogummaatin ilaalamnaan roga heddu
itti baasuun qophii gochuun nidandaama. Yeroo baayee namoonni kan
dogongoran yaada haaraa maaltu jira inni ani yaadu waanuma beekamu
jechuun. Waan haaraa baasuun dadhabamus roga ittiin ilaalan haaraa
baasuun nidandaama. Mee diyaagiraamii armaan gadii kana haa ilaallu.


Salaphaadhumatti yoo diyaagiraamii armaan olii ilaalle yaada baldhaa
tokkorraa gara dhiphaatti(muyootti)deemuun waan qabatamaa seenaa
namaa irraa odeeffannu baasuun nidandaama.
Fayyaa Barnoota Fayyaa
Ittisa Dhibeewwan
Daddarboo
Busaa Qulqullina Qulqullina qe'ee
balfaa: goggogaafi
dahangala'aa
balfaa dhangala'aa
balfaa - qoorsuu,
dhangalaasuu, lafa
dhooqaa biyyeen
guutuu
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

KAROORSUU: hojiin karoora hinqabne kaumsaafi xumuras hinqabu.
Namni hojii isaa hinkaroorfannemmoo, buaan hojii isaa
hinbeekamu;hinsafaramus. Hojii nama biraa hojjachuun isa qofa
lakkaawata. Kun ammo irra deddeebii karooraafi bua argamee taa.
Abbaan karoora malee sochou waan dogondoru hinbeeku; waan fooyyessus
hinqabu. Karoorri, waan milkii qofa osoo hintaane, milkaawuuf daandiin
sirriifi filatamaan kami?, milkii maaltu mudeessuu dandaa? faa
jedhameeti hojitti seenama.
Karoorri dhimmoota armaan gadii kana qabaata.
1. Mataduree karooraa: dhimma ijoo sagantaan irratti hojjatamu.
2. Kaayyoo karooraa: maaliif matadureen filatame
3. Galma karooraa: dhageeffattoonni maal raawwatu erga dhageeffatanii
4. Dhaamsa/ergaa karooraa: ergaan qabatamuu qabu maali
5. Madda odeeffannoo: odeeffannoon eessaa walitti qabama
6. Qabiyyee karooraa (tarreeffama): dhimma sagantaa keessatti
qabiyyeen jabeennatti ilaallaman maal kan akkamiiti
7. Bifiyyee ittiin dhihaatu: dhimmichi haala akkamiin yoo dhihaate
woyya
8. Qorannoo qabiyyee(qophii): yaada dhuunfaafi yaada qabatamaa
akkamii faatu jira dhimma sagantaan irratti hojjatamu duuka walqabatee
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

9. Dheerina: dheeressuu moo gabaabsuu woyya ykn sagantaa gabaabaa
moo dheeraa ykn oduu moo sagantaan yoo dhihaate woyya
10. Dhageeffattoota: dhageeffattoota mara moo muyoo akkasumas
sadarkaa barnootaa akkamii, umriifi koornayaa kamiif kkf
Afaan:
1. Gabaajee : namni odeeggannoo/seenaa qophii tokko barreessu akka
dubbisuuf isatti toluun jechoota sababii garagaraatiif
gabaabsuu/gabaajessuu dandaa. Sababni tokko, yeroo qusachuu taa.
Fakkeenyaaf jecha Doktora jedhu Dr jechuun barreessuun nidandaama.
2. Lakkoofsa/Lakkoobsa Barreessuu: lakkoobsa yoo iskiriiptii
raadiyoo keessatti barreessinu akka mamiin hinjiraane qubeessuun
barreessuun dubbisuutu gaarii taa, keessattuu, lakkoobsa baayee yoo tae.
Fakkeenyaaf, 65678 jennee barreessuurra miiliyoona jahaafi kuma dhibba
shaniifi dhibba jahaafi torbaatamii saddeeti jechuutu gaarii taa. Yookaan
miiliyoona afuriifi kuma dhibba shanii ol jechuunis nidandaama. Garuu
dogongorri waan nama ajaaibsiisu yeroo baayee miliyoona afuriifi
tuqaa/qabxii shan kan jennee dubbisnu. Kun siruma ifa waan hintaaneef,
haala kanaan barreeffamuu hinqabu. Tuqaan maali? Nama meeqatu qabxii
jennee yoo waamnu hubata? Kan biraa lakkoobsa 3989 gara lakkoobsa
guutuutti siksuudhaan gara kuma afurii tau/taa jennee barreessuun
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

rakkoo hinqabu. Parsantii yookaan dhibbaantaa yoo ogeeyyii keessa
beekanirraa ragaa arganne yookaan fakkeenyaaf ejensii istaatistiksii irraa
yoo arganne malee siruma itti fayyadamuu hinqabnu. Tokkoffaa
dhageeffataan marti maalummaa isaa hinhubatu. Lammaffaa dogongorri
hiikkaa parsantii/dhibbantaa heddu. Lakkoobsota 1-9 jechaan barreessi.
Lakkoobsota 10-999 akkuma jiranitti lakkoobsumaan barreessi.
Lakkoobsota 1000 ol taan jechaafi lakkoobsaan barreessi. Fakaeenyaaf,
Kuma 15, kuma 90, miliyoona 12 kkf. Lakkoobsa bilbilaa, saaatii, qabxii
waldorgommii ispoortii, guyyaa faa addatti ilaalla.
3. Gabaajee Diiganii Barreessuu: gabaajee babaliisanii/diiganii
barreessuun dhageeffattoota raadiyootiif bareeda taa. Tokkoffaa hiikkaa
gabaajee sanaa akka dhageeffataan baru gargaara. Lammaffaa qubeewwan
jechoota akkamii irraa akka gabaajeffamanii barreeffaman hubata. WALQO
jechuurra Waldaa Aksiyoonaa Liqiifi Qusannaa Oromiyaa yoo jenne
bareeda. Gabaajee UNESCO garuu akkuma jirutti dubbisuutu irra wayya;
idil-addunyaatti beekkama waan taeef. Yoo barbaanne bifuma tokkoon
ammaa amma irra deddeebiuurra, dhaabbata barnootaa, saayinsiifi aadaa
biyyoota gamtaayanii jechuunis maalummaa gabaajee sanaa ibsinee itti
fayyadamuuf nu gargaara. IMX, BLTO, ILQSSO jennee akka jirutti
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

dubbisuu hindandeenyu; garuu gabaajee isaa barreessinee yeroo dubbisnu
ammo diigaa dubbisuun rakkoo hinqabu.
4. Sirna Tuqaalee: sirni tuqaalee iskiriiptii raadiyootif baayee
barbaachisa. Namni dubbisu eessatti hafuura akka baafatuufi eessaa hima
dubbisuu eegalee eessatti akka xumuruu qabu beekuu qaba. Sirni tuqaalee,
iskiriiptiin akka haala gaaritti dhangalauufi namni waa dubbisu yoom maal
akka jechuu malu seera qabsiisa. Gulaalaan kana sirritti ilaaluu qaba.
Abbaan barreessullee waan akkanaa yoo eeggatee barreesse, guggufataa
iskiriiptii hindubbisu.
5. Jechoota ogummaa: jechoonni ogummaa kan ogeeyyiin ogummaa
tokkoo qofti itti fayyadaman, kan garuu, namoonni biroo hubachuu
hindandeenye jechuudha. Yeroo dhimma teknoolojii qofarratti dubbatamu,
ogeeyyiin jechoota ofiif beekan qofatti fayyadamu dhageeffataa
irraanfatanii yookaan jechoota bakka buusan dhabanii. Dhageeffatan waan
isaaf hingalle dhageeffachuuf dirqama hinqabu waan taeef, gara filannoo
biraa deemuu dandaa. Kun akka hintaane, haala salphaa namoonni
hubataniin barreessuu qabna. Roobootii ibsuudhaaf waan dhageeffataan
beeku saa jabbiin jalaa duutee tolee tolchanii ittiin elmatan irraa kauun
ibsuunis mala tokko. Toleen jabbii bakka buuun faayidaa kenniti waan
taeef. Roobootiinis akkasuma nama bakka buuun tajaajila kenniti.
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

Doktoroonni yeroo baayee waaee fayyaa irratti mariif yoo gara keenya
dhufan dhimma akkanaatin rakkatu. Kun akka hintaane, qopheessaan
dursee doktoraan waliin mariachuun haga dandau jechoota ogummaa
gara jechoota yookaan yaada bakka buuutti jijjiiruun iskiriiptii barreeffatee
istuudiyoo seenuu qaba.
6. Qubeessuu: jechoonni akkuma jedhamanitti yookaan akkuma
hiikkaa sirrii itti kennanitti sagaleeffamuu qabu. Akkas tauu baannaan,
hiikkaa yaadame dhiisanii hiikkaa biraa kennu. Kan gabaabachuu qabu yoo
dheerate; kan dheerachuu qabu gabaabachuun hiikkaa jijjiira. Fakkeenyaaf,
Dalloo Maannaa, Dalloo Mannaa, Dalloomannaa jennee barreessuun
garaagarummaa hiikkaa qaba. Abbayyii Coomman, Abbayyii Cooman,
Abbayi Cooman/Coomman jechuunis akkasuma garagarummaa qaba. Saqa
Coqorsaafi Saqqaa Coqorsaallee tokkoo miti. Jecha faxuula/faxuula silaa
jedhamu faaxula jedhanii ammaa amma dubbisuun dogongora. Nama
dhaamotee haguuggate ormi faaxula sea jedhame sagantaa tokko
keessatti. Saadiq Ibraahim nama jedhamuun Zaadiq Abraham jechuun
hoo? Qubeessiifi hiikkaanis gargar. Shaale, Shaalle, Shaalee jechuunis
abbaa maqaa kanaan waamamu nikomachiisa isa sirrii yoo barreessuu
baanne. Nama aadaa ummataa hinbeekne nu fakkeessa. Wallaalaallee nu
fakkeessa. Jabeessanii waa ilaaluu dhabuullee muldhisa. Sirrummaa
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

odeeffannoo keenyaa shakkisiisa. Kabajaa nu dhabsiisa. Aadaa ummataa
gaafachuun; maqaa namaatis taanaan abbaa maqaa saniin waamamu
gaafachuun, salphina hinqabu rakkoo jalaa nu baasa yoo tae malee. Mee
maqaa keessan haala isin ittiin of hinwaamneen namni aadaafi afaanicha
hinbeekne yoo isin waame maaltu isinitti dhagahama? Gulaalaan dhimma
akkanaa irratti dursee abbaa iskiriiptii barreesse duukaa dubbachuun haala
itti sagaleeffamu/dubbisamu waliigaluun waan ummanni jaalatu
qabachuudhaan qilleensatti bahuun waan filannoo biraa hinqabne.
Qubeessuu akka waan xiqqaa tokkootti warri ilaalan jiran waan taeef,
dogongora qubeessuu wallaaluun qabu kana irraa hubachuu dandau.
Jechoota dubbisuun nama dhibu dursa irra deddeebisanii
dubbisuu/sagaleessuun ofitti fudhachuun gaarii taa.
7. Aangoon maqaa dursa:
Deetaa Ministira Daldalaafi industirii ebaluu ebaluu
Ministira Muummee ebaluu ebaluu
Pirezidaanti Dr ebaluu ebaluu
Doktora kabajaa artisti ebaluu ebaluu
Dogongoraan kan barreeffamu:
Ministir Deetaa/Ministeer Deetaa
Muummee Ministiraa/ministeeraa
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

Artistiifi Doktora kabajaa ebalu
8. Hiikkaa/jijjiirraa: akka jirutti aadaa tokko gara aadaa biraatti
yookaan afaan tokko gara afaan biraatti jijjiiruun/hiikuun rakkoo ergaati
buaan isaa. Yeroo baayee jijjiirraan akkajiree(loyal to the source) dhaamsa
barbaadame hinqabaatu. Sadarkaa jechaatti, sadarkaa gaaleetti, sadarkaa
himaatti muldhata rakkoon akkanaa. Fakkeenyaaf, maadireg taasisuu
jennee hiikaa jirra. Yihi bendih endale kan jedhu kun kanumaan osoo
jiruu jennee gara Afaan Oromootti jijjiiraa jirra. Ummanni afaan dubbata
caasaa afaanii akkasiitti fayyadamaa jennee yaaduu qabna osoo hinjijjiirin
dura. Taasisuu kan jedhu fakkeenyaaf gochuu jechuu qabna. Akkas na
gootee, akkana na gootaa, maaf akkas goota jedha malee ummanni, akkana
na taasistee?, akkana na taasistaa?, akkas na taasistaa?...kkf hinjedhu.
Haala Itti Barreessinu/Akkaataa Itti Barreessinu(style)
9. Dhageettiif barreessi: nama si dhageeffatutti akkaataa waan
ergaa itti himtutti barreessi iskiriiptii kee. Akkaataa namoota lama walitti
haasawaniin walfakkeessii barreessi iskiriiptii kee. Istuudiyoo yoo seentus
nihimata malee hindubbistu. Haasawa fakkeessii himi. Yoo akkaan itti
beektee himuu wallaalte shaakali. Jechoota filadhu, hima gaggabaabsi,
haasawaati himi malee hindubbisin! Dhageeffattatti haasawi malee
iskiriiptii hindubbisiniif! Nama seenaa/duri durii namatti himu taii
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

barreessi; akka waan nama tokkotti haasawaa jirtuuttis duubbis. Hima
dheeraa barreessuun dubbiif hintau, sagalee olfudhatanii dubbiduufiyyuu
hafuuratu nama cita. Kan dhageeffatu ammoo mee irra naaf deebii jechuuf
yookaan ofiif irra deebiachuuf carraa hinqabu; jala baanaan bahe
hindeebiu. Dhageeffataa dirretti gatuun hintau hadiyyoo.
o Akka waan nama tokko isayyuu hiriyaa keetti haasoftuutti
barreessi,
o Akka waan hoogganaa kee yookaan amajaajii keetti dubbataa
jirtutti yookaan sagalee gadi buuftee yookaan dutaa akka waan
dubbattuutti hinbarreessin,
o Akka waan dhageeffataa duukaa(wajjiin) dubbataa/haasasaa
jirtuutti malee akka waan asi gadi itti dubbataa jirtuutti
hinbarreessin,
o Ibsitoota maqaa garmalee hinfayyadamin; keessattuu
maqdhaaltota akeektuu (demonistratives) namni gurraan
dhagaha waan taeef itti hinfayyadamin,
o Walqabsiistota yeroo haasawaa namuu itti hinfayyadamu; atis
raadiyoodhaafdhageettiif waan barreesitu akkasumatti
barreessi,
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

o Seerlugni yookaan caaslugni sirriidha moo osoo hintaane,
gurraaf taanaan akkasumas hiikkaa sirriifi ergaa barbaadamu
dabarsinaan garmalee dhiphachuun hinbarbaachisu,
Mootummaan namoota yakka malaammaltummaatin
shakkaman heddu keessattuu aangoo ummataatin
dahatanii warra maallaqaafi qabeenya ummtaafi
mootummaa faaidaa dhuunfaa isaaniitif oolfatan
toowannaa seeraa jala oolchaa jira. Haaluma kanaan,
bulchaa godina ...guyyaa adhaa yakka
malaammaltummaatin shakkamanii poolisiidhaan
toowatamanii jiru. Kana jechuurra, bulchaan godina
akkasii yakka malaammaltummaatin shakkamanii
toowataman. Oduu kana osoo nama beektu yookaan
hiriyyaa keetti himtee, ebalu hidhamuu dhageettee yakka
malaammaltummaatin shakkamee? jetta.
Dhageeffattoonni raadiyoo waan sakondii 90 hanga
daqiiqaa jahaa fudhatu qofa yaadatu jedhu ragaaleen.
The enemy of good writing is the official, the bureaucrat and
the so-called expert who uses words as a barrier to
understanding instead of as a means of communication.
Their aim is to mystify rather than enlighten. A good deal of
the journalists time is spent translating their gobbledegook
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

into plain English so ordinary people can make sense of
it.(Boyd, 2001:61)
Fkn. Sababii waytiin kun ganna taeef, manni barnootaa cufamee,
barattoonni gara warra isaanii galanii hojii tola ooltummaa hojjataa
jiru. (maaliif yoo jenne deebii hinqabu;dhageeffataa taanee yoo ilaalle.)
Waytiin kun ganna. Manni barnootaa cufamee jira. Barattoonni gara
warra isaaniitti galanii hojii tola ooltummaa hojjatu.
10. Seensaafi bahiinsa: akkaataan itti barreessitu haasawa fakkaannaan
yoo gara dhimma tokkootti seentu dhimmicha beeksistee, jidduuttis irra
deebitee, yoo baatus akkasuma. Fakkeenayaaf, obbo Caalaan akkas nuun
jedhan jetta yoo seentu...jiddutti haala jireenyaa/hojii obbo Caalaa irraa
muuxannoon fudhatamu... jettee yoo baatu ammoo ...obbo Caalaa yaada
nuuf kennaniif baayee galateeffanna. Haala kanaan yoo hojjatan
hiyyummaa waliin waggaa baayee hinturan akka nuti arginetti. Sia
sadeenuu obbo Caalaan xiyyeeffannaa gaazexeessaa keessaa hinbaane.
Dhageeffataan jalqaba, jidduutti yookaan xumura irratti raadiyoo bane
dhageeffatus waaee nama Caalaa jechamuu akka dubbatamaa jiru
nihubata. Dogongorri yeroo baayee muldhatu, nama tokko osoo
hinbeeksine yookaan sia tokko qofa maqaa dhahuun, achi booda qonnaan
bulaan kun, qonnaan bultichi, qonnaan bulaa adda dureen kun,...
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

jedhama. Qonnaan bulaa kam akka tae wanti beekamu hinjiru. Kun, sun,
-ichi, kunneen, as... dhamjechoota iskiriiptii raadiyoo/dhageettiif
barreeffamu keessatti faayidaa hinqabne akka taan hubadhu.
o Manni barumsaa kun (raadiyoorratti akkamiin agarsiifta?)
o Aanicha/aanichatti/aanichi (Aanaa kami?)
o Kan ani uffadhe kun qoloo jehama. (kamtu?)
o Rifeensi dhahadhe kun ammoo quttoo jedhama. (akkamitti
dhahame?) akka ati beektu dhageeffattoonnis nibeeku jettee hintilmaamin.
Kanaaf, yoo irra deddeebii taa jetteellee shakkite irra deddeebi malee,
tilmaamaan yaada ibsamuu qabu bira hindarbin.
10. Sagalee Uumamaa: iskiriiptii yoo barreessitu sagaleen uumamaa
kan akkamii akka qabdu adda baafadhu. Dhageeffattoonni kee qaamaan
waan ati argite arguu baatanis miiraan si hubachuu dandau. Sagaleen
uumamaa lubbuu raadiyooti waan taeef yeroo mara irraanfatamuu
hinqabu. Fakkeenyaaf, deeggartoota kubbaa miilaa dirree kubbaa miilaatti
iyyan waraabuun qofa eessa akka dhaqxeefi waaee maali akka odeessuuf
deemtu yoosuu baru. Lafa daggalaa yoo deemtes sagaleen shimbiraafi
bineensota gara garaa qophii keetiif dhama tau. Kanaaf yoo mara, waaee
sagalee uumamaa hindagatin qophii raadiyoo yoo hojjattu/iskiriiptii
raadiyoo yoo barreessitu.
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

11. Gulaallii Iskiriiptii: seenaan qophii tokkoo yookaan iskiriiptiin
akkuma barreeffamee dhumeen gulaalaa bira gahee marii hojiin duraafi-
boodaarratti (brief) dhihaatee tamsaasaaf taa moo hintauu adda bahuu
qaba. Achi booda, sirratee (wanti bahu bahee kan dabalamu dabalamee)
istuudiyoo aseennama.
12. Duub-deebii:sagantaan/oduun osoo hintamsaane, akkuma
waraabamee xumurameen ilaaluu malee, erga tamsaee booda yaada
kennuun faayidaa hinqabu. Ragaan lakkoofsaa sirritti dubbisamuu,
maqaan namaafi bakkaa sirritti waamamuu, yaadni namaa bakka sirritti
fudhatamuu, akkasumas dhaamsi darbu osoo irraa hincinne waraabamuu
isaa ilaaluun dirqama ogummaati.
Dhoorkaadha:
- Osoo sagalee yookaan ragaa barreeffamaa dirree dhufe hindhageeffanne
yookaan hinilaalle iskiriiptii barreessuun,
- Garee tokkoof carraa sagalee dhageessifachuu kennuun garee tokko
dhoowwachuun,
- Ragaa sirrii tauun isaa hinmirkanoofne maaltu na dhibe jedhanii itti
fayyadamuun,
- Qaama madda odeeffannoo tokko fayyaduuf jecha ragaa lafarra hinjirre,
keessattuu lakkoofsa faa, fakkansanii dhiheessuun,
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

- Barreeffama/seenessa yookaan iskiriiptii osoo gulaalaan hingulaalle
istuudiyoo seenanii dubbisuun,
- Iskiriiptii/barreeffama gulaalame hayyama gulaalaa malee, akka ofiif
barbaadanitti sirreessuun ergaa madaala hinqabne dabarsuun,
- Yaada gulaalaan akka bahu jedhe osoo keessaa hinbaasin dubbisuun,
- Dhibbeentaa(percentile) qaamni seeraan beekkamu kennuu male, abbaa
odeeffannoo kenne irraa qofa fudhannee iskiriiptii barreessuun,
- Ragaa barreeffamaa qaamni odeeffannoo sagalee isaatin nuuf kennu
dabalataan harkatti nuuf kenne faayidaa ummataafi ragaa qabatamaa lafa
jiruun osoo walhinmadaalchifne, akkuma nuuf kennametti kan keenya
goonee itti fayyadamuun, (hannas; dhugaatu dabas)
Dhageeffattoonni osoo itti hinyaadin raadiyoo dhagahu taa; osoo
qalbiii isaanii hinhawanne garuu ncaqasu jechuun rakkisaadha.
Namni sagantaa raadiyoo hojjatu, sammuu dhageeffattoota
keessatti, suuraa uumuun akka raadiyoo dhageeffatan haala
hawwataa taeen hojjannaan ergaa darbu qabsiisuu mala.
Sagaleen, qoonqiifi muuziqaan akka dhageeffataan waan tamsau
jabeessee ilaalu shoora jabaa qabu. Sagaleen kan uumamaa faa
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

taa. Qoonqi kan nama sagantaa hojjateefi kan namoota gaaf-
deebii irratti hirmaatanii tauu mala.
Muuziqaan miira namaatti dhihoodha. Qalbii namaa qaba. Fedhii
dhageeffataa kakaasa.
Malleen jahan armaan gadii kunneen seenessa raadiyoo cimaa
barreessuuf baayee nu barbaachisu.
- Dhageettii: seenessi(iskiriiptiin) raadiyoo nama ijaan
hinagarreef barreeffama. Danbaliin sagalee raadiyoon
dhageeffataa bira dhaqqabu suura waan ibsamuu sammuu
dhageeffataa keessatti uumuun akka waan tamsaaa jiru
jabeessee ilaalu gochuu qaba.
- Jalqabumarratti fedhii dhageeffataa qabachuu:
seenessi barreeffamu seensuma irratti akka gaaritti kan
dhageeffataa hinqabanne taanaan dhageeffataan waan
dirqamuuf hinqabu. Gara raadiyoo biraa deema. Simbirti tan
jalqabaattu ija fudhata jedha mammaaksi. Seenessi keenya
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

dhageeffataa qabachuu, waan sagantaa keessatti dhihaatuuf
deemu akka qalbii dhageeffataa qabatutti dhiheessuu qaba.
- Akeekuu(Power of suggestion): barreessaan seenessa
raadiyoo (radio script) dhageeffattoonni yoo hanga xumura
sagantaatti kan dhageeffatan tae waan akkamii faa, eessatti,
akkamitti akka dhiheessuf daangaa isaa dhageeffattoota
qabsiisuu qaba. Daangaa beekumsaafi muuxannoo akkamii
irratti akka sagantaan dhihaataa jiru muldhisuu jechuudha.
- Daangaa yeroo: dhimmi sagantaa raadiyoo keessatti
dhihaatu tokko yeroo murtaae keessatti kan xumuramu
tauu qaba. Daangaa yeroo keessatti maaltu dursee dhihaata?
Maaltu itti aana? Akkamiin xumurama?kkf faa miira
dhageeffataa qabachuuf akka tolutti dhiheessuun gaarii taa.
- Walabummaa (freedom of movement): akka nama
seenessa raadiyoo barreessuu tokkotti qopheessaan sagantaa
akka barbaadetti dhageeffattoota yaadaan fudhatee guuluu
dandaa jechoota filatamanitti fayyadamuun. Sagalee
uumamaa faattis fayyadamuun dhageeffattoota yaadaan
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

bakka tokkoo fudhatee bakka tokkoti buusee miira isaaniitin
akka doolanan gochuu dandaa. Fakkeenyaaf, sagalee
fincaaaa bishaaniifi waca simbirrootaa, sagalee weenniifi
qamalee kkf yoo fayyadame, dhageeffataan mana ofii taaee
raadiyoo dhageeffataa qalbiin daggala keessa nannaa.
Muuziqaanis as keessatti qooda guddaa qaba.
- Waldiddaa (conflict): gaazexeessaa cimaan waldiddaan
ribuu dugdaa seenessa/barreeffama sagantaa raadiyoo akka
tae namuu itti hinhimu. Laafaafi jabaa, kufaatiifi milkaaina,
gaariifi hamaa, qabsoo jireenyaafi falli rakkoo kkf seenessa
sagantaa raadiyootif utubaadha.
Barreeffama(seenessa) gaarii:
- Kan namuu hubatu (clear): barreeffamni sagantaa
raadiyoo salphaa tauu qaba. Yaadni isaa tartiibaan
dhihaachuu qaba. Yaadni akka dhageeffataan hubatutti haala
gaariin yaauu qaba. Ergaan darbus kan hiikkaa gara garaa
qabaachuu hinqabu. Jechoota hedduu yookaan lakkoobsota
hedduu hima tokko keessatti akkuma sitti toletti hinruuqin.
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

Himni jechoota 25 irraa ijaarame gaariidha. Kanaa ol
taanaan, hima lamatti adda qoodamu hubachuuf salphaa
taa. Gaalee of hindaneenyetti hinfayyadamin. Hima salphaa
tokkoon yaada kee barreessi. Jechoota dhageeffattoota
rakkisanittis hinfayydamin. Jechoota namni baayeen
beekutti fayyadam. Jechoota ogummaa gara afaan/yaada
namni baayeen beekuutti jijjiiri.
- Gabaabsuu(concise): dhageeffataan waan darbe irra
deebiuu hindandau. Himoota gaggabaabsii barreessi.
Himoonni kee garmalee sadarkaa barbaadamuu gadis buuu
hinqaban. Kan dhageeffataan irra jireessiifi jiddugaleessi
hubachuu dandau tauu qabu.
- Xuxxubbaa(completeness): seenaan sagantaa tokkoo
guutuu taanaan mamii malee ergaan barbaadame darba.
Gaafiiwwan: Maal? Eessatti? Yoom? Eenyuun? Akkamiin?
Maliif? Faa deebii argannaan seenessi(barreeffamni)
sagantaa mudaa hinqabu;mamiis hinqabu jechuu
dandeenya.
QAJEELFAMA

Korree Shaanqullee Arsee (MA)

- Haasawa(conversational): yaada akka gaaritti yaau yoo
tae malee sabaa himaan yoo haasawa hawaasa keessatti
barameen dhihaate bareeda. Akka ofii kee haasoftutti
seenessa(barreeffama) sagantaa barreessi. Sagalee olfudhuu
himi malee hindubbisinis. Seenessa kee erga barreesitee
xumurteen booda sagalee olfudhhuu dubbis; yoo san kan
haasawaaf tau moo kan hintaanee adda baafatta. Caasa
himaa namatti hintolleefi jechoota ulfaatan ilaalii kan
biraatin bakka buusi.
- Amma(current): seenaan seenessa keetti kan yeroon irraa
darbe akka hintaane ofeeggadhu. Waan dhageeffataan ijaa
gurraa qabu sagantaadha jettee hindhiheessin. Waan
jijjiirame yookaan dabalame duukaa buii hojjadhu.
- Sirrii(c0rrect): lakkoofsiifi dhugaan lafa jiru osoo
hindabne, osoo hincabne akkuma jirutti dhihaachuu isaa
mirkaneeffadhu.

You might also like