You are on page 1of 39

i

i
BOQONNAA TOKO

1. Seensa

1.1. Seenduubee Qorannichaa

Gadaan sirna bulchiinsa ummata oromoo kan siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantii fi
aadaati. Gadaan sirna waggaa saddet saddeetiin taaytaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa,
amantii, loltummaa fi jireenyaa waliin waliif dabarsuudha. Akka walii galaatti gadaan
ofilaallee jiruuf jirenya ummata oromoo kan jiru sirna heeraa fi seeraan utubameedha. Akka
kanaan gadaan sirna seera umamaa fi seera namaa walitti qindeessee ittiin namaa fi uumama
bulchuudha. Kanaaf gadaan sirna bulchiinsa jiruu fi jireenya ummata oromooti (maatii sabaa
2006:37).

Piroofesar Asmaaroom waa’ee gadaa yoommuu ibsu “gadaa is an elaborate, well constructed
system for distributing power among all generation enjoy different kinds of power at different
stages of the life course” jedha. Akka ibsa hayyuu kanaatti gadaan sirna itti yaadamee, irratti
hojjatamee, akka gaaritti ijaaramee sirna aangoo dhaloota hundaa hiruu fi itti
gaafatamummaas kennuudha jedha (Asmaaroom 1973:51).

Sirni gadaa sirna aangoon jaarsooliidhaan qabamu yookiin bulchinsa manguuddootaa miti.
Gadaan sirna sabni marti akka umrii isaatti kan qooda keessatti fudhatuudha. Sirna gadaa
keessatti namni hundi akka umrii isaatti qooda yookiin gahee adda addaa qaba jedha (Dirribii
2000:39).

Aadaan saba Oromoo naannoo oromiyaa keessatti bifa adda addaa qabaachuu danda’a.
Haata’u malee sirni gadaa bu’uura aadaa saba Oromooti. Sirni gadaa seera ittiin aangoo wal
harkaa fuudhaniidha. Akka har’aa sababbii amantilee fi siyaasa adda addaatiif dadhabaa osoo
hin dhufiin Oromoon sirna gadaa jalatti gurmaa’ee bulaa ture. Gadaan sirna waan mara of
jalatti qabuu fi jireenya saba oromoo kallatti maraan sakatta’uudha. Gadaa jechuun jilaa fi
godaanuu qofaa miti yookaan buttaa qaluu fi nyaachisuu qofa miti. Sababbiin isaa gadaa
keessatti aadaan jaarmiyaa akka guddisa daa’immanii, gumaa, araara, waaqeffannaa, irreecha,

1
siiqqee, marabbaa fi kanneen biroo marti walitti dhufuun sirni gadaa akka jiraatuu fi lubbuu
qabaatu taasisu jechuudha (Alamaayyoo 1999:40).

Sirni gadaa heera saba oromoo guutuu, kan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa sabichaa itti
murteffamu, kan guddina umriin,xiin-sammuu fi yeroo wajjiin daangeffamee adeemuu fi kan
miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee itti walii galu wabii tokkummaa saba
Oromooti (Warqinaa 2008:20).

Haaluma wal fakkaatuun Alamaayyoon (1999:42) yoo ibsu sirni gadaa haala jiruu fi jireenya
hawaasa oromoo kallattii dinagdee, hawaasummaan, amantiin kan sakatta’uudha. Sirni gadaa
ummata oromoo biratti kabaja olaanaa akka qabu hubachuun ni danda’ama, kunis namni wal
lole, namni tokko yoo nama biraa ajjeesee haalli araaraa fi gumaa itti muramu sirna gadaa
keessatti kan hammatamudha. Waa’ee kana oromoon gosaan, balbalaa fi jaarmiyaa hawaasaa
kaminillee osoo wal hin qoodin gadaa jalatti gurmaa’ee bulaa ture.

Booda booda eebbaan dabarfamee kennama. Bulchiitoonni gadaa miseensota sadarkaa gadaa
shanan keessa darbani luba ta’u jechuun ibsa. Itti dabaluun hayyuun kun ummanni oromoo
yeroo sirna gadaa jalatti gurmaa’ee bulu walqooduun hin jiru. Hunduu jaalalaan sadarkaa
gadaa shanan keessa darbuun erga abbaan isaa buttaa qalee waggaa afurtammaan abbaa isatti
buttaa qaluun kan itti aanuuf dabarsanii keennudha jedha.

Ittuma dabaluun Alamaayyoon mahaammad hasan wabeeffachuun yommuu ibsu “the term
Gada is very difficult to define precisely. It is a term loosely used for so many varied
concepts that it has lot any single meaning. The dividing line between the various definition
is very shadow and indistinct unless one takes into account strictly the content in which the
term is used. This is be cause the interpretation of oromo terms, idiomatic expression and
proverbs related to the gada have extra meanings other than their surface meaning”jedha.
Akka ibsa hayyuu kanaatti jechi gadaa jedhu kun hiikaa fi yaada hedduu kan ofkeessatti
qabuu fi sirritti ibsuuf akka nama dhibu ibse. Gadaan hiika hedduu argachaa kan dhufe yeroo
keessa fakkaata. Gadaan sirna hawaasummaa, siyaasa, dinagdeefi amantiiti. Gadaan sirna
lakkoofsa, yeroo fi baraati. Gadaan maqaa ulfinaan namoonni sadarkaa lubaa irra gahanii

2
buttaa qalan kan itti waamamaniidha. Hiikaafi hubannoo oromootti, aadaa fi afoola yookiin
duudhaa sabichaati kan maxxanudha jechuun ibsa.

Yoomessa sirna Gadaa ilaalchisee akka Dirribiin (2012: 213) yommuu ibsu sirni Gadaa
yoomii fi eessatti hojii jalqabe kan jedhuuf deebiin sirriin yoo hin jirreeyyuu sirni Gadaa
jaarraa kudha ja’affaa dura kaaba Itoophiyaa fi gidduu galeessaan kan walqabatudha. Kunis
bulchiinsa uummata oromoo fi sirna aangoo wal harkaa fudhachuu ummata kanaati. Jaarraa
kudha ja’affaa keessa kaaba Itoophiyaa fi gidduu galeessaan wal qabates ta’us jaarraa kana
irraa ka’uun oromiyaa mara keessatti kan adeemsifamaa jirudha

Namni tokko luba yoo ta’e ilmi isaa immoo waggaa afurtammaan har’aa yookiin abbaansaa
luba ta’ee darbee irraa kaasee waggaa afurtammaatti luba ta’a. kanaafuu, ilmi oromoo guyyaa
abbaan isaa luba ta’ee darbee kaasee miseensa gadaa keessatti hirmaata .sadarkaa gadaa
shanan keessa darbuun nama tokko irraa kan eegammudha. Isannis, kanneen akka seera ittiin
bulmaata saba tokkoo, aadaa, duudhaa fi haala jiruu fi jireenya ummata sanaa beekuun yeroo
turtii aangoo duraaf of qopheessa. Erga kana ta’ee booddee afurtammaan abbaan isaa luba
ta’etti deebi’ee luba ta’a jechuun ibsa. Walumagalatti, sirni gadaa sirna nagaa fi dimookiraasii
ummata oromooti.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Sirna Gadaa keessatti buttaa qaluun ummata oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa
Gindabarat birattikabajaa fi hiika guddaa qaba. Sirni butaa qaluu kun of keessatti sirba,
faaruu, dhugaatii fi nyaata aadaa fi haala uffannaa saba oromoo kan calaqqisiisudha. Sirna
gadaa keessatti haalli buttaa qaluu kun ummataaf kanneen umurii lakkaa’uu, eebbaa, seera
gumaa, guddisa, moggaasuu, hammachiisuu fi kanneen biroo of keessatti waan qabatuuf
ummataaf faayidaa guddaa qaba. Haa ta’umalee, adeemsi buttaa qaluu kun hanga ammatti
bifa saayinsaawwa ta’ee fi ammayyaan qoratamee taa’uu dhabuusaatii fi sababoota
babal’achuu amantiilee adda addaatiin dadhabaa dhufuu isaa fi aadaan kun barreeffamaan
osoo hin taanee afoolaan dhalootaa dhalotatti daddarbaa jira. Kun immoo dagatamuu
danda’a. Sirni buttaa qaluu dagatamuu jechuun immoo hawaasni Aanaa kanaa safuu isaa,

3
duudhaa isaa, barsiifata isaa fi kkf akka dagatan godha. Qorataan kunis kanarraa ka’uun
qorannoo isaa adeemsisee jira.

1.3. Gaaffilee Bu’uuraa

Qorannoon kun qaawwa qorannichaa guutuudhaaf gaaffilee armaan gadiitiif deebii kennuuf
yaalee jira.

1) Hirmaattonni sirna buttaa qaluu eenyufaadha?

2) Raawwileen buttaa qaluu maal fa’i?

3) Buttaa qaluun hawaasaaf hiikkaa akkamiifaa qaba?

4) Akka ilaalcha hawaasaati buttaa qaluun hawaasa faayidaa akkamii qaba?

5) Ergaan weedduuwwan sirna buttaa qaluu irratti dhiyaatanii maal fakkaata?

6) Meeshaalee ulfoo sirna butaa qalaaf barbaachisan maal fa’i?

1.4. Kaayyoo Qorannichaa

1.4.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayoon gooroo qorannoo kanaa raawwilee buttaa tokko keessatti raawwataman tokko
tokkoon ilaaluun sirna buttaa qaluu xinxaluudha.

1.4.2 Kaayyoo Gooree

Kaayyoowwan goree kunniin kaayyoo goorichaa irraa kan maddan yommuu ta’an
qabxiiwwan gooree kanniin galmaan ga’uurratti kan xiyyeeffataniidha.

1) Hirmaattota sirna buttaa qaluu addaan baasuudha.

2) Raawwilee buttaa qaluu addeessuudha.

3) Hiikkaa buttaa qaluun hawaasaaf qabu ibsuudha.

4
4) Faayidaa buttaa qaluun hawaasaaf qabu ibsu.

5) Ergaa weedduuwwan sirna buttaa qaluu irratti dhiyaatanni qaban ibsuudha.

6) Meeshaalee ulfoo sirna buttaa qalaaf barbaachisan ibsuudha.

1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon kun adeemsa buttaa qaluu oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat
addeessa. Buttaa qaluun raawwiilee aadaa naannoo kanaatti argaman keessaa caalatti jiruu fi
jireenya hawaasa kanaa ibsuu danda’a. Kanaafuu, qorannoo kana bifa barreeffamatti jijjiiruun
rakkoo dagatamu xiqqeessuun dhaloota duuban dhufaniif tursiisuuf faayidaa guddaa qaba.

Kanamalees, Namoota mata duree qorannoo kanaan walfakkaatu irratti hojjechuu


barbaadaniif akka bu’uuraati gargaaruu danda’a. Dabalees, namoonni buttaa qaluun akka itti
raawwatu hin beekne firii qorannoo kanaa dubbisuun hanga tokko hubachuu danda’u
jechuudha.

1.6. Daangaa Qorannichaa

Daangaan qorannoo kanaa karaa lamaan; karaa qabiyyee qorannichaa daangeessuu fi iddoo
qorannichi itti adeemsifamu daangessuun ibsamee jira. Kunis, qorannoon kun Godina
Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat irratti adeemsifama. Karaa qabiyyee qorannichaa yoo ilaalle
jaarmiyaalee sirna Gadaa keessaa qorannoon kun sirna buttaa qaluu irratti daangeffamuun
qoratamee jira.

1.7. Hanqina Qorannichaa

Qorannoo kanaaf hanqinoonni adda addaa gufuu ta’u. Gufuun immoo hojiin tokko akka
haalan hin raawwatamne godha. Kanaafuu, qorataan kunis yeroo qorannoo kana gaggeessu
wantootni adda addaa gufuu ta’uu danda’aniiru. Isaan keessaa muraasni:-

 Yeroo odeeffannoon funaannamu odeefkennitoonni raga qorannichaa kennuuf fedhii


kan dhaban yommuu ta’u kaayyoo qorannichaa gadi fageenyaa ibsuuniif ragicha

5
akka laatan taasifamanii jiru.

 Namoonni haala gaafatamaniin himuu dhiisuu

 Yeroo odeeffannoo funaanuu dhabuu

 Hanqinni malaqaa muudachuu

 Kitaaboleen wabii qorannoo kanaaf Afaan Oromoon bareeffaman xiqqaachuun


hanqina qorataa kana muudataniidha.

1.8. Malleen Qorannichaa

Qorannoo kana gaggeessuuf mala qorannoo Akkamtaati fayyadameen jira. Sababni isaas
malli qorannoo Akkamtaa amala jechaan ibsamu, yoomessa uumamaa bu’uureffachuu, haala
irratti hunda’uun jijjiiramuu, hiikni odeeffannoo irraa argamu cimina qorataarratti hunda’uu fi
kannen biroo waan of keessatti hammatuuf, qorataanis amala mala qorannoo kanaa
bu’uureffachuun qorannoo isaa keessatti itti fayyadameera. Akkasumas, Qorannoon
Akkamtaa qorannoo dhimmoota qorannicha keessatti dhiyaatan mara jechaan kan ibsudha.
Akkasumas, odeeffannoo mala qorannoo kanaan funaanamu waan marii’atan waan argan,
waan dhaga’an, waan gaafatanii fi kannen biroo irraa kan ta’ee fi amalli qorannoo koos
odeeffannoon guuramu caalmaan isaa af-gaaffii, marii garee fi sakatta’a dokumantii waan
ta’eef mala kanaan qaccessuun mijataa waan ta’eef mala qorannoo kana filadheen jira.

1.9. Mala Iddatteessuu

Malli iddatteessuu qorannoo kanaa gosoota iddatteessuu carraa keessa mala iddatteessuu
kaayyeffatamaadha. Addunyaan (2011; 67) irratti yoo ibsu mala iddatteessuu miti-carraa
gosoota saditti qoodee ibsa. Isaan kunniiniis, iddatteessuu kaayyeffatamaa, iddatteessuu
ammargee fi iddatteessuu darbaa dabarsaa jechuun qoodeera. Qorataan qorannoo kanaas
gosoota iddatteesssuu kana keessaa iddatteessuu kaayyeffatamaatti fayyadamee jira. Mala
kana Addunyaan (2011; 67) yoo ibsu “Akaakuun iddatteessuu kun qorataan tokko beekumsa
dhimmicha irratti qabu irraa ka’ee kanneen odeeffannoo irraa argachuu danda’u murteessuun

6
ilaallata. Kaayyeffatamaa kan jedhameefis akka kaayyoo qorannichaatti yookiin qoratichaatti
odeeffataa yookiin deebistoota filachuu waan ta’eefidha”jedha.

Akka yaada kanaatti qorataan kun kaayyoo qorannichaa irratti hunda’ee namoota
odeeffannoo isaaf kennuu danda’an murteessuu ilaallata. Qorataan kuniis mala kanatti
gargaaramuudhan namoota waa’ee sirna buttaa qalaa gadifageenyaan beekan filachuudhan
qorannoo gaggeessee jira.

1.10. Meeshaalee Funaansa Ragaa

Meeshaaleen funaansa ragaa qorannoo kanaa af-gaaffii, sakatta’a dookumantii fi marii garee
xiyyeeffannooti.

1) Af-gaaffii

Af-gaaffiin meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaa keessaa isa tokkodha. Qorataanis
gosoota af-gaaffii jiran keessaa af-gaaffii banaati fayyadamee jira. Af- gaaffiin kan qorataa fi
odeef-kennaan fuulleetti wal arganii odeeffannoo walii kennanidha. Odeeffannoo af-
gaaffidhaan funaanamu wanti gaarii taasisu qorataan gaaffii isaa sirritti ifa godhee akka
ibsuuf odeef-kennaan gaafachuu danda’uu isaati (Dastaa 2013; 111).

Sababni qorataan af-gaaffii itti fayyadameef hawaasni hin barannee fi barate gaaffii
afaaniitiin odeeffannoo ga’aa ta’e kennuu waan danda’anii fi namoonni barreessuu fi
dubbissuu hin dandeenye afaaniin odeeffannoo gahaa ta’e kennu waan ta’eefidha.

2) Marii Garee Xiyyeeffannoo

Mariin garee meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaa isa birooti. Mariin garee kun
odeeffannoo qorannoo kanaa funaanachuu keessatti namoota yookiin odeef-kennitoota sana
bakka tokkotti walitti fiduun yaadni odeef-kennitoota irraa funaaname garaa garummaa
yaadaa kan agarsiisu yoo ta’e gara yaada dhugaa fi aadaa hawaasichaa isa sirrii ta’etti fiduuf
kan waliin mari’atanii seera dur ture kan sirrii irratti waliigalanitti fiduudha. Mariin garee
kana ilaalchise Dornyei (2007;144) yommuu ibsu “The focus group format is based on the

7
collective experience of group brain storming,that is participant thinking together, inspiring
and challenging each other ,and reacting to the emerging issues and points. As well as the size
of focus group ranges 6-10 people, whereas too large a size makes it difficult for every one to
participate.” jedha.

Akka ibsa hayyuu kanaati mariin garee kan inni irratti xiyyeeffatu muuxannoo namoota
gareedhaan jiraatanii fi hirmaannaa yaadaa waliiniiti. Akkasumaas, kan namoonni
kaka’uumsa walii godhanii marii’ataniidha. Kanamalees, baay’inni namoota marii garee
keessatti hirmachuu qabanii namoota 6-10 (6-12) ta’uu qaba jedha. Sababni isaas baay’inni
namoota yoo baay’ate carraan namoota hunda hirmaachisuu ni ulfaata jechuun ibsee jira.
Sababii qorataan marii garee filateef marii garee sana keessatti yaada gahaa argachuu fi yaada
bilchaataa ta’e argachuu fi yaada dhugaa marii garee sana keessaa argachuufidha.

3) Sakatta’a Dokumantii

Sakatta’i dokumantii meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaa keessaa tokkoodha.


Qorataaniis meeshaa funaansa ragaa kanatti fayyadamuun kitaaboolee, barruulee fi
waraqaalee qorannoo adda addaa kanneen waa’ee sirna buttaa qalaa maalummaa sirna buttaa
qalaa, rawwiilee sirna buttaa qalaa kan qaban sakatta’uu fi kitaabolee, barruulee fi waraqaalee
dubbisuudhaan dhugummaa (qulqullummaa) qorannoo isaa dhugoomsuuf dhimma itti bahee
jira. Akkasumaas, dokumantii sakatta’uun kan qorataa barbaachiseef qorataan waa’ee mata
duree qorannoo isaa irratti beekkumsaa fi cimina guddaa horachuun qorannoo isaa haala
gahaa ta’een akkaan raawwadhuf na gargaaree jira.

1.11. Maddoota Ragaa

Qorannoon kun maddoota ragaa lama irratti bu’uureffata. Isaaniis madda ragaa tokkooffaa fi
madda ragaa lammaffaati. maddi ragaa tokkooffaan kan qorataan kallattiin hawaasa bakki
qorannichaa itti danga’ee keessaa odeeffannoo funaannatu yoo ta’u, maddi ragaa lammaffaa
immoo kan qorataan dhimma mata duree qorannoo isaa waliin wal qabatan barbaaduun
dubbisuun kan yaada isaa gabbifatudha.

8
9
BOQONNAA LAMAA

2. SAKATTAA BARRUULEE

2.1. Maalummaa Sirna Gadaa

Amantiin, aadaan, eenyummaan, sirni ittiin bulmaata hawaasaa fi siyaasni hawaasichaa


bal’ina sirna Gadaa kana keessatti hammatamanii jiru. Akkasumaas, sirni Gadaa sirna
dimookiraasii addunyaa kanaaf bu’uura guddaa ta’ee jira. Yaada kana Alamayyoon (1999;
85) irratti yommuu ibsu, ”Haala siyaasa addunyaa qarooma amma kanarra teenyee tumaatalee
dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii hedduu dubbachuu yookiin tarreessuu ni dandeenya.

Garuu seera sirna bulchiinsa Gadaa fi jaarmiyaalee isaa keessatti guddatan waggoota dheeraa
yaadaan dubbatti deebinee osoo xiinxallee sabni oromoo bulchiinsa gaarii yeroo ammaa
dimookiraasii jedhamu kan inni gargaaramaa ture ta’uun isaa hubachuu ni dandeenya” jedha.
Yaada kanarraa kan nuti hubannu sirna dimookiraasii jedhamee yeroo ammaa kana addunyaa
maraatti kan labsamu seerota sirna Gadaa keessa jiran kan ummanni oromoo ittiin
gargaaramaa ture waliin kan walitti dhiyeenya qabu ta’uu nu hubachiisa.

Itti dabaluun Warqinaan yommuu

“Sirni dimookiraasii dhugaa addunyaa kanaa kan taasise keessa, filanoon


ummataa kan haqaa fi bilisaa irratti hunda’ee waggaa afur afuriin kan
adeemsifamuu fi jijjiirraan aangoo waggaa saddet saddeetiin daangeeffamee
utuu wal irra hin citne kan raawwatamu ta’uu isaati.Sirna Gadaa keessatti
dubbartiin (Ateeteen), hundeessituu sirna gadaa fi amantii waaqeeffannaa,
bu’uura maatii fi biyyaa waan taateef, waaqatti aantee kabaja guddaa qabdi.
Aangooniis kan ummataa waan ta’eef, namni kamiyyuu waltajjii kam irrattiyyuu
bilisaan dubbachuu mirga guutuu sirna gadaa keessatti qaba”jedha (Warqinaa,
2008: 22).

10
2.2. Sadarkaalee Gadaa

Jireenyi hawaasummaa ummata oromoo yeroo itti hundeffamee eegalee, umuriidhaan kan
daangeffame kan siyaasa, dinagdee, hawaasummaa fi amantiin ummatichaa ittin gaggeeffamu
dhaaba aadaa sirna gadaa qaba. Caasaa fi haala hojii sirna gadaatiif shoora murteessaa kan
qabu sadarkaa gadaati. Sadarkaan gadaa sirnicha bifa nanaanna’uutiin sosocho’ee akka
hojjetu taasisa. Sadarkaalee gadaa kana Warqinaan (2008) haala armaan gaditin kaa’ee jira.

1. Sadarkaa Gadaa Itti-Makoo(1-8)

Daa’imni tokko guyyaa dhalootaatii eegalee bara gadaa tokko yookiin paartii aangoo irra jiru
keessatti miseensa ta’a. Haaluma kanaan umuriin isaanii waggaa saddeet guutee fi isaa gadii
kan, saalaan dhiiraa fi dhalaa kan ta’an daa’imman jedhamu. Akka amantii oromootti
umuriidhaan waggaa saddeetii gadi kan ta’e daa’imni tokko, kan ilkaan hin buqqiffannee fi
umuriidhaan namni waggaa saddeettamaa ol ta’e nama waaqatti dhiyaatan jedhamanii
kabajamu.”Kunuunsi daa’immanii fi jaarsoliif”yaadni bara ammaa jedhamu kun, yaada isa
ummanni oromoo waggoottan kumaatamaan dura kan beekaan, kan kabajan fi kan hojii irra
oolchaa turan ta’uu isaati. Abbootii fi haadholiin galgala hojii deebii booda manatti erga
sassaabamanii ,halkaan keessa hanga sa’aa hirbaataattii fi sanaa boodas hanga raafititti,
umuriidhaan daa’immaan fooyya’aniif haala naannoo isaanii, waa’ee abbaa, akaakayyuu,
akaakilee tartiibaan ni barsiisu. Bara ammaa qaroome keessatti immoo, barumsa duraanitti
dabalataan beekumsa baraa akka barataniif oolmaa daa’immanii fi mana barumsaa sadarkaa
tokkoffaatti akka galanii baratan taasifamu. Kanaaf, daa’imni tokko akkuma dhalateen yeroo
sanatti paartii gadaa aangoo irra jirutti makamee miseensa ta’a. Paartii gadaa aangoo irra
jirutti waggaa isaa saddeettaffaatti bara aangoo isaa fixee paartii gadaa isa itti aanutti darba.

2. . Sadarkaa Gadaa Dabballee(9-16)

Sadarkaa gadaa kana keessatti kan argaman daa’immanidha. Daa’imman dhiiraa fi dhalaa
ta’anii umriidhaan sadarkaa gadaa kana keessatti argaman hidda latinsa irraa dhufan gosa
isaanii yoo himatan ilma yookiin intala abaluu jechuudhaan hanga akaakayyuu,abaabayyuu,
akaakilee hanga latinsa gosaatti, achii irraas hanga hidda sanyii sabummattin wal qabsiisuu

11
danda’anitti warra ofii irraa baratu. Sadarkaa kana keessatti daa’imman durbaa hojii jirbii
fo’uu, hodhaa fi jiruu mana keessaa haadholii irraa yoo baratan, daa’imman dhiiraa immoo
hojii qonnaa, hojii tikaa, horsiisaa fi itti fayyadama, akkasumas karaa jireenyaa garagaraa
abbaa irraa baratu.

3. . Sadarkaa Gadaa Foollee(17-24)

Sadarkaa gadaa kana keessatti kan argaman dargaggootadha. Dargaggoonni kunniinis ;gugsii
fardaa, hojii qonnaa, akkaataa ittiin horata qabatanii fi haalaa ittiin naannoo wajjiin waliin
jiraachuu baratu. Murasni isaanis, tooftaa waraana shaakalu. Akkasumas, dargaggoonni
sadarkaa kana keessatti argaman waa’ee guutummaa saba oromoo aadaa, tokkummaa,
bilisumma, mirgootaa fi dantaa akkasumas, qabeenya uumamaa sabichaaf eegumsa cimaa fi
ol’aana ta’eef eenyuun caala quqquuqamaa fi falmattootadha. Aadaa tapha oromoo fiigicha
keessatti hirmaachuudhaan biyya keessattis ta’e addunyaa irratti dargaggoonni uummata
biyya isaanii waamsisaan kan itti keessaa bahaan sadarkaa gadaa kana keessa yeroo
jiraniidha.

4. .Sadarkaa Gadaa Kuusaa (25-32)

Dargaggoonni sadarkaa Gadaa kana keessatti argamaan gugsii fardaa garagaraa, akkaataa
ittiin eeboo darbachuu fi jalaa miliqu, akka itti qabaannaa gaachanaa, ispoortii cimina
qaamaa, fiigicha, bishaan daakuu, beelaafi dheebu danda’uu baratu. Hojiin sadarkaa kuusaatti
hojjetaman inni guddaan saba oromoo fi oromiyaa diina irraa eeguudha.
Tokkummaa,mirgootaa fi dantaa, akkasumas qabeenya umamaa oromiyaa irratti balaan
aggamamu qolachuuf diina isa kam irratti iyyuu, ajaja Abbaa Gadaatiin, Abbaa duulaatiin
hogganamuudhaan diina irratti duula gadaa bananiitu diina isaanii barbadeessu.

5. . Sadarkaa Gadaa Raabaa Doorii (33-40)

Miseensi sadarkaa gadaa kana keessa jiran aadaa, tokkummaa fi bilisumma sabichaa gara
fuulduraatti gaafatamummaa fudhatanii erga raawwatanii booda sabichaa fi biyya isaanii
bulchuuf yeroo of qopheessan, seera, bulchiinsa, seenaa fi beekumsa aadaa argachuu akka

12
danda’an godhama. Kanaaf, karaa paartii Gadaa isaanitiin akkaataa itti gaafatamanii fi biyya
bulchan shaakala godhaa of qopheessu. Akkasumas, jaarsolii irraa gorsa fudhachuudhan seera
gara fulduraatti ittiin biyya bulchan qopheessu. Kana malees, miseensootni Raabaa Doorii
sadarkaa federeeshinii Gadaa shananitu ummataan filatamanii aangoo qabatanii ummata
naannoo isaanii bulchuu ni danda’u. Bakka tokko tokkotti abbootii gadaa bakka bu’anii
bakkeewwan itti gaafatama qabanitti ramadamanii ni hojjetu. Kana malees, haala addunyaa
jijjiiruu kan danda’an namoonni beekkamoon kan isaan bahan umurii kana keessaati.

2.3. Maalummaa Sirna Buttaa Qalaa

Buttaa qaluu jechuun sirna gadaa keessatti namni sadarkaa gadaa shanan keessa darbee yeroo
gara ja’affaatti darbu kan qaludha. Kunis namni tokko waggaa saddeet erga aangoorraa ture
booda buttaa qaluun aangoo dabarsuun miseensa gadaa itti aanuuf aangoo kennuun gadaa
keessaa ba’a. Asmaroom seera buttaa qaluu kana hojii isaa keessatti akkas jechuun ibsa “butta
was occasion of which the gada class was expected to go out into enemy territory to back the
spoil of war” (Asmaroom 2006; 74). Akka ibsa hayyuu kanaati, Buttaan adeemsa sadarkaa
gadaa keessatti aangoo, siyaasa itti waliif darbu yookiin hojii bulchiinsa siyaasa ittin walitti
dabarsan ta’uu isaati.Waa’ee buttaa kana Alamayyoon (1999) yoo ibsu, buttaa qaluun sirna
gadaa keessatti namni sadarkaa ja’affaa irra ga’e kan qaluu buttaa akka jedhamu ibsa. Yaada
kanarraa kan hubannu gadaan maqaa ulfinaa namoonnii sadarkaa lubaa irra ga’anii ittiin
waamamanidha. Waa’ee gadaa oromoo kan ilaalchisee Dirribaan john hopk (2009)
wabeeffachuun yoo ibsu, sirni bulmaata gadaa siyaasa, raajii buttaa baasa ummata
gurraachaati. Addunyaa kana irra waan raajii akkasii kan umme ummanni biraa hin jiru jedha.
kanaaf, gadaan ummata oromoo qofa osoo hin taane saba gurraacha marayyuu ni boonsa
jedha.

Akka Warqinaan (2008) jedhutti buttaa baasuun gumaacha dimookiraasiin oromoo tokko
aangoo dhalootaan hirmaatamudha. Kunis sirnoota baay’ee gaanfa Afrikaa keessatti bal’inaan
kan hubatamudha. Qorattoonni seenaa, siyaasaa fi aadaa addunyaa akka ragaa ba’anitti sirni
dimookiraasii jedhamee labsamaa jiru baay’een isaanii seerota gadaatiin wal fakkaatu. Amalli
dimookiraasummaa gadaa karaa buttaa baasuun mul’ata jedha.

13
Ayyaanni buttaa ayyaaana waggaa saddeetitti altokko dhuunfaniis ta’ee gamtaan baatii
Guraandhalaa keessa kabajamuudha. Ayyaanni buttaa akka biyyaatti waggaa saddeetitti haa
kabajamuyyuu malee, akka dhuunfaatti namni tokko bara jireenyasaa keessatti buttaa kan
kabajatu si’a lama qofaadha. Tokkoffaa bara aangoo gadaa fuudhee biyya bulchuu eegaludha.
Inni lammaffaan bara bulchiinsa isaa nagaan raawwatee keessaa bahuudha. Buttaan iddoo
tokko tokkotti sirna aangoo wal harkaa fuudhaa abbootii gadaa akka ta’eettiis ni fudhatama.
Akka amantii waaqeffannaatti namni tokko akka garee gadaasaatti ta’ee akka achii dhufa
buttaa abbaasaatti ayyaana buttaa kabajachuu ni danda’a. Akka garee gadaatti kan kabajamu
kan garee hundaati. Gadaan tokko aangoo fudhachuuf dursee ayyaana buttaa kabajachuu
qaba. Miseensotni gadaa sanaas iddoo tokkotti ayyaanicha qopheeffatu. Namni tokkos ta’ee
sirni gadaa tokko ayyaana buttaa kan ayyaaneffatu waggaa afurtama ayyaanni gadaa duraa
buttaa qaleetti. Kana jechuun gadaan shanan; Malbaa, Muudanaa, Kiilolee, Biifolee fi
Michilee waggaa saddeet saddetiin aangoo wal harkaa fuudhan waan ta’eef miseensi gadaa
tokko ayyaana buttaa gadaasaa kan kabajatu waggaa afurtama gadaan duraa buttaa qaleetti
ta’a jedha (Maatii, 2000:250-51).

Walumaagatti, Aadaa sabni oromoo qabu keessaa sirni gadaa gama hawaasaniis ta’ee gama
seeraatiin iddoo ol aanaa qaba. Seerota sirna gadaa keessaa sirni buttaa qaluu isa tokko
ta’uunsaa beekamaadha. Kunis waggaa saddeetiin aangoo kan wal harkaa fuudhanidha.
Aangoon kun karaa bulchiinsa caffee gadaa gaggeeffama. Sirni kunis sanyiidhaan kan darbu
akka hin taanee fi aangoon harka maatii tokko qofaatti akka hin hafneef buttaa qaluun aangoo
waliif dabarsu jechuudha.

2.4. Kaayyoo Buttaa Qaluu

Sirna gadaa keessatti buttaa qaluun kaayyoo mataa isaa qaba. Yaada kana Warqinaan (2008)
yoo ibsu “akka amantii waaqeffannaattis buttaan ayyaana waggaa sadeetiin al tokko
kabajamee abbootiin gadaa kan ittiin aangoo fudhatanii fi kan aangoo dabarsanii ittiin
oofkalanidha. Ayyaanni kun warri aangoo fuudhan eebbaan gara bulchiinsa gadaa tokko kan
fuldura jirutti ceesisa. Akkasumas, buttaa qaluun ayyaana itti lixa miseensa gadaa haaraa fi
keessaa ba’a miseensa gadaa duraati jedha.

14
Karaa biro ejjennoo guddaan sirna buttaa qalamu sirna bulchiinsa gadaa hawaasa oromoo
mirkaneessuu fi sirna bulchiinsa itti fufiinsa qabuu fi fuulduratti tarkaanfachisuudha. Buttaa
qaluun seera hawaasa kana keessatti adeemsa ittiin aangoon bulchiinsa gadaa itti waliif darbu
waan ta’eef dhaloonni sirna kana buufachuu danda’u aangoo fudhatus fudhachuu baatuus
sirna bulchiinsa kana mirkaneessuuf jila kana buufachuu yookiin kabajachuu qaba jedha
Alamayyoo (1999:174).

2.5. Haala Kabaja Sirna Buttaa Qalaa

Sirni gadaa seera bulchiinsa ummata oromoo maraaf handhuura kan ta’eedha. Namni sirna
buttaa qalaa kabajatu tokko haala sirna buttaa sana ittiin kabajamu qaba. Akka seera sirna
gadaatti namni tokko sirna buttaa kan kabajatu waggaa afurtaman abbaansaa buttaa qaletti
ta’a Maatii (2006; 252). Kana jechuun namni buttaa kan inni qalu waggaa afurtaman
abbaansaa qaletti eeguu qaba jechuudha.Yaaduma kanaan kan walfakkaatu Alamayyoon
(1999; 173) akka ibsutti “Filannoon miseensaan yoo ta’eeyyuu abbaa fi ilmi waggaa
afurtamatti aangoo waliif gadhiisu. Kana jechuun ilmi umurii afurtama abbaan yookiin
umurii saddeetama akaakayyuun isaa buttaa qaletti qaluu qaba jechuudha. Haa ta’uu malee,
umuriin ilmi keessa jiru murteessaa miti. Garuu kana jechuun aangoo fudhachuun yookiin
biyya bulchuuf filatamuuf carraa dhabuu danda’a. Kunis hawaasa keessatti sirna buttaa
kabajataniif qofa miti. Kan biyya bulchan inni ulaagaa ittiin filataman qaba. kana jechuunis
daa’imni dhalatte sun guyyaa afurtaman darbaaniif buttaa buufateetti jedhama jechuudha.

2.6. Seera Lagannaa Sirna Buttaa Qalaa

Yeroo jilli sirna buttaa qalaa taasifamu dhangaan nyaataaf qophaa’u ni jira.

Akkasumalee, nyaanni yookiin dhangaan nyaataaf osoo hin taanee seera guuttachuuf
qophaa’e kun garuu nama hundaan hin nyaatamu. Haatii fi abbaan nama buttaa baafatu
gonkumaa hin nyaatan. Sababni isaa akka jechama hawaasatti yoo nyaata daa’iman isaaniif
qophaa’e kana yoo nyaatan gurra isaaniitu duuda jedhama. Akkasamus, ni raata’u jedhama.

15
2.7. Ilaalcha Sirni Buttaa Qalaa Gama Seeraa fi Hawaasaan Qabu

Aadaan sabni oromoo qabu keesaa sirni gadaa gama seeraan iddoo olaanaa kan qabuudha.
Seerota sirna gadaa keessaa sirni buttaa qalaa isa tokko ta’uun isaa beekamaadha. Sirni buttaa
qaluu kuniis hawaasa keessatti gama nageenya hawaasa eeguun, walqixxummaa sirna
bulchiinsa keessa jiru kabachiisuu, jaarmiyaalee dimookiraasii ammayyaa keessa jiran
hawaasa keessatti mirkaneessuu, rakkoo ummata keessa jiru furuuf fi kan kana fakkaataniif
faayidaa guddaa kennaa waan jiruuf gama hawaasaan iddoo olaanaa qabu. Gama biraatiin
sirna buttaa qaluu xiinsammuu ilmaan namaa ulfeessuu fi kabajuun kan hojjetuudha. Namni
tokko dhalootumaan waan gonfachuu qabuu fi hawaasa keessatti mirgaa fi dirqama
miseensonni qaban waan ifatti beeksisuuf sirna jaalatamaadha. Kun immoo ummata oromoo
qofaa keessatti tajaajila kennaa jiru osoo hin ta’iin aadaa fi seenaa saboota biroofillee bu’uura
buuseera. Kana malees, walitti dhufeenya saboota biroo wajjiin hawaasni keenya qabu
qorachuuf hedduu gargaara. Dhimma kanaan walqabatee kan jiru, Asmaroom Laggasaa yaada
isaa yommuu ibsu “Oromoo democracy is one of those remarkable creating of the human
mind that involved into a full fledged system of government,it contains genvinely ,African
solution for same of the problems that democracies every where have hadface”jedhuun lafa
ka’aa Asmaroom (2000;94).

2.8. Yeroo Sirni Buttaa Qaluu Kabajamu

Sirna kana bulfachuun yeroo mataa isaa danda’e qaba. Sirna gadaa keessatti marsaan gadaa
(gada cycle) tokko kan beekamu waggaa saddeet saddeetiini. Kanuuman wal qabatee sirni
buttaa qalaa waktiilee waggaa jiran keessaa ji’a irratti kabajamu qaba. Waktiin kunis ebla
hanga waxabajjii gidduu ta’a. hojiiwwan sirna buttaa qalaa keessa jiran hojjatee tokko yeroo
ba’uuf jedhu Ginna ciisuu kan jedhamu deemu. Waktiin ginni ciisamu immoo ji’a
guraandhalaa keessa ta’a. Kanaafuu, sirna buttaa qalaa taasisuun waktii mataa isaa hordofee
kan raawwatamu ta’uu isaati maatii (2000:250).

2.9. Miidhaa Buttaa Qaluu Dhiisuu

16
Buttaa qaluun sirna gadaa keessatti saba oromootiif kabajaa fi ulfina guddaa akka ta’e ragaan
barreeffamaa fi afoola ummataan jiru ni ibsa. Sirni gadaa waan ummata oromoo qofa osoo
hin ta’iin kan ummata gurraacha mara boonsu kennaa gudda uummanni oromoo addunyaa
kanaaf kenneefi sirna gadaa jarmiyaa umrii fi dhalootaan ijaaramee dimookirasii uummata
oromootiin uumameedha.

Kanaafuu, akka Dirribaan (2009) yoo ibsu sirna gadaa kana dhiisuun uummata oromoof
kabajaa fi eenyummaa isaa dhiisuudha. Akkasumas sirna gadaa keessatti sirni buttaa qaluu
sirna ittiin aangoo walharkaa fuudhan waan ta’eef yoo sirni kun hin jirre aangoon sirna gadaa
jaarsoliidhaan akka gaggeeffamuu fi bulchinsa manguddootaa ta’a jedha. Yaada armaan olii
irraa kan hubannuu buttaa qaluu dhiisuun aangoon harka jaarsooliitti akka hafuu fi miseensi
haaraan gara gaggeessummatti akka hin dhufne godha.

Akka waajjirri aadaa fi tuurizimii aanaa Gindabarat (2001) ibsuutti, buttaa qaluun jiruu fi
jireenya saba oromoo keessatti faayidaa guddaa akka qabu ibsuun sirna gaarii kana dhiisuun
hawaasaa fi nama dhuunfaa rakkoo adda addaaf saaxila. Kunis namni tokko yoo buttaa qaluu
dhiise yookiin morme saawwan isaa jabboota qaama hir’uu dhalu, ijjoolleen isaaniis qaama
hir’uu, jaamaa ta’anii dhalatu jedhamee amanama. Kanaafuu buttaa qaluun qabeenyaa fi ta’ee
jireenya nama dhuunfaa fi hawaasaatiif barbaachisaa akka ta’e ibsuun sirna kana dhiisuun
rakkoo adda addaaf akka nama saaxiluu ibsee jira. Akka seera hidda dhalootaatti ilmi
dhalatee yoo yakka addaa dalagee yaa’ii goorootiin osoo hin ifatamiin miseensa gadaa ta’ee
buttaa kabajuuf mirga guutuu qaba. Namni fedhii isaatiin buttaa baasuu yoo dhiise adabbiin
isa irra ga’u ni jiraata. Kunis namni sirna kana hin kabajne gadaa baddee yookiin dabbasaa
jedhamee beekama. Dabalees yaa’ii ummataa irratti hin hirmaatu. Mirga namni guddan tokko
qabu hin qabu, akka nama rakkina qabuutti ummata irraa adda ba’a jechuudha.

17
BOQONNAA SADI

3. . Odeeffannoo Dhiheessuu, Qacceessuu fi Hiikuu

Kaayyoo walii gala boqonnaa kana odeeffaannoo karaa afgaaffii fi marii garee
xiyyeeffannootiin argame dhiheessuun qacceessuu fi hiika itti kennu ta’a. kunis faayidaa
buttaa qaluu, namoota buttaa qaluu keessatti hirmaatan, raawwilee buttaa qaluu keessatti
mul’atan, hiikaa buttaa qaluun hawaasaaf qabu, meeshalee ulfoo buttaa qaluu fi ergaawwan
weedduun sirni buttaa qalaa qabu ibsuu of keessatti qabata.

3.1. Ibsa Naannoo

Qorannoo kun kan adeemsifamee Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat irratti. Magaalaan
guddaan Aanaa Gindabarat Kaachisii yoo taatu, Finfinnee irraa gara lixaatti km 193,
magaalaa Godina Shawaa Lixaa Ambooirraa immoo km 138 fagaate argamti. Aanaan kun
yeroo dheeraaf liiban jedhamee waamama ture. Liiban gosa arfan kuttaayee keessa tokko.
Boodde immoo Aanaan kun kusaayee yookiin sukkaayee jedhamun waamama turte.
Kusaayee jechuun urgooftuu jechuudha. Haata’u malee yeroo booda maqaa Gindabarat
jedhamuti jijjiiramte. Sababni ka’umsa maqaa kanas haala teessuma lafaa irraa ka’e
moggafame. Kunis, kallattii adda addaan laggeeniin marfamtee waan argamtuuf. Isaaniis
karaa bahaa laga Urgaa’aa, karaa kaabaa laga Abbayyaa, karaa kaaba bahaa laga Mogor,
dhihaan immoo laga Gudarii, fi karaa kibbaa laga xaraanxar gidduutti marfamtee jirti.

Ulaa seensaa fi ba’umsaa kallatti tokko qofaan qabdi. Kunis, karaa Aanaa jalduu qofa yoo
ta’uu yeroo “Nafxanyoonni”lafa oromoo qabachuu jalqaban kusaayees galanii haala teessuma
lafa ishii ilaalanii diinni yoo nutti dhufee karaa baanu hin qabnu jechuudhan, kun marfamtu
akka dallati jechuun “Hindabarat”jedhanii jedhama.

Akka ragaan waajjira deeskii Aanaa Gindabarat ibsutti yeroo amma kana baay’inni uummata
aanaa kana dhiiri 52,267, dhalan 55,577 walitti kuma dhibba tokkoof torbaaf dhibba saddeetii
fi afurtamii afur (107,844) ta’a. Haala qilleensaa yoo ilaallu parsantii 57 gammoojjii,43
immoo bada daree yoo ta’u ho’insa ol aanaan seentii gireedii hangaa 25 fi rooba mm

18
700_1450 rooba argatti.

Odeeffannoo Afgaaffiidhan argame

3.2. Hirmaattoota Sirna Buttaa Qalaa

Namoonni hedduun buttaa qaluu keessatti qooda fudhatu. Gahee adda addaas qabu.
Namoonni hedduun gareen keessatti hirmaatu gaariin immoo dhuunfaan hirmaatu.
Raawwilee kanneen keessatti namoonni dhuunfaan gahee qabanii fi raawwii sirnichaaf
barbaachisan ni jiru. Isaanis tokko tokkoon haalallu.

3.2.1. Namicha Buttaa Qaluufi Niitii Qarree

Namichi kun sadarkaa gadaa shanan keessa cehee afurtaman abbaa isaa eeggatee buttaa qala.
Adda duree raawwii kanaati.

Akka seera gadaatti niitiin qarree yookiin kan jalqaba fuudhan seera qabdi. Kun aadaa
eeggamaadha. Akka odeefkennaan koo “A” jedhetti niitiin qarree ilkaan qe’ee namaatti
buqqifatti, ijoollummaan gaarii fi gadhee osoo addaan hin baasin qe’ee warra itti heerumtee
dhaqxi jechuudha. Kana malees, dhiiga isheetu qe’ee namatti dhangala’aafidha. Kunis
guyyaa dura fuudhamtu durbummaa ishee fi yoo ijoollee nama sanaaf deesses guyyaa kana
dhiigni ishee qe’ee nama sanaatti waan dhangala’eef, qe’ee sana irraa seera qabdi. Ilmi ishees
abbaa gadaa ta’a. abbaa gadaaf filamuuf hangafummaan barbaachisaadha. Kanaf ilmi niitii
hangafaa ta’ee dhalate abbaa gadaa ta’ee filamuu danda’a. oromoon niitii lamaa fi lamaa ol
fuudhuu ni danda’a. kunis sababoota adda addaa irraa ka’a.

Isaanis:- yoo qabeenya qabaate ilmaan niitii tokkoo qofti qabeenya isaa kan hin dandeenye
ta’an,yoo niitiin qarree kan hin deenye taate, ilmaan barbaacha akkasumas, wal lolanii yoo
deemte, yoo duute ta’eedha. Haati manaa namicha buttaa baafatuu sirna kana keessatti gahee
adda addaa qabdi, qophiilee sirna kanaa isheetu qopheessuu qaba. nyaataa fi dhugaati adda
addaa kana malees guyyaa abbaan manaa ishee dhaloota wajjiin laga bu’u, isa waliin nyaata
cuukkoo, qorii fi akkasumas, okolee baattee waliin buuti. Yoo namicha jalqaba fuudheen wal
hiikan kan biraa fuudheera ta’eef jaarsolii naannoo itti ergee galfata. Kana ta’uu baannaan

19
buttaan isaa guutuu miti jedhama. Yoo isheen hin jirre, yoo jalaa duute, yoo manatti galuufii
didde ta’e niitii lammaffaa fuudhee seera guutee qophiilee raawwii qopheessiti.

Guyyaa seera guutu kana akka nama yeroo duraaf cidha waliin godhatuutti, miinjee kadhatee,
amaamota waamee, ulmaa’ee cabsatee, firoota isaa waamee cidha godhata. Haala kanaan yoo
seera guutuu baate seerri gadaa, duudhaa hin eeyyamu. Yaada kanarraa kan hubannu haati
manaa namichaa buttaa baafatu kabaja qabaachuu isheeti. Akkasumas, qophiilee sirna buttaa
sana keessatti barbaachisan kan qopheessu ishee ta’uu isaa nu hubachiisa.

3.2.2. Obboleetti

Obboleettiin namicha buttaa baafatuu guyyaa gaafa namichi laga bu’u sabbata dhoofsiftee
hiitiif. Kunis, ukoo hidhachuu jedhama. Yoo obboleettii baay’ee qabaate ishee hangafaatu
hidhaaf. Namichi kun obboleetti yoo hin qabanne ta’e durbii yookiin miinjee isaatu hidhaaf.
Dabalataanis, obboleetiin nyaata akka qorii, caccabsaa fi cuukkoo qopheessitee geessitiif.
Namichi buttaa baafatu immoo baaqqee biteefii guyyaa shanee itti uwwisee gaggeessa. Kana
malees, gaafa sabbata hiiteef sana galgala faarsaa bulti. Akka odeef kennaan koo “E”
(fulbaana, 6:2009) jedhutti obboleettiin namicha buttaa baafatuu akkas jettee faarsiti

Yaa washiilee goonni fayyaaree----- yaa waashilee goonni fayyaaree


Quba koo shananuu ------------------yaa waashilee
Kaman caalchifadhaa-----------------yaa waashilee
Gindoon eessuma koo----------------yaa waashilee
Galaan wasiila koo--------------------yaa waashilee
Daamaan waarsottan koo-------------yaa waashilee
Iddeessa gumarii----------------------yaa waashilee
Qixxeetti bulanii-----------------------yaa waashilee
Maaliif qixxeetti buluu---------------yaa waashilee
Haa caalu galaan koo-----------------yaa waashilee
Akaakuun abbaa koo-----------------yaa waashilee

Goonni fayyaaree jettee faarsitee erga xumurtee dubartoonni biraa immoo gosa isaanii
faarsuu eegalu. Isaanis akkas jechuun faarsu. Kunis:-

20
Yaa waashilee gama kee haammattee----------yaa waashilee
Yaa waashilee gama koo dhiistaaree-----------yaa waashilee
Ciraaroo ta’ullee-----------------------------------yaa waashilee
Gara kee faarfattee--------------------------------yaa waashilee
Gara koo dhiisun kee-----------------------------yaa waashilee
Nagaroo ta’ullee----------------------------------yaa waashilee

Akkanatti waljalaa qabaa faarsu jechuudha. Yadaa kanarraa wanti hubannu obboleettin
nmicha buttaa baafatu obboleessa ishee akka inni nama hunda caaluutti, goota ta’eetti, beekaa
ta’eetti, yeroo faarsitu, dubbartoonni warri kaan immoo gootni, beekaan, kan nama caaluu
obboleessa kee qofaa miti jechuudhan qeeqa isaanii dhiyeeffachaa sirbu jechuudha. Kan
malees, obboleettiin namicha buttaa baafatu gosa ishee fi gosa abbaa ishee caalchiftee
faarsiti. Dubbartoonni kaanis gosa kee faarsitee kan keenya dhiisuun cubbuu sitti hin ta’uu
jedhanii gosa isaanii faarsu.

3.2.3. Qadadduu

Qadadduun gargaartuu namicha buttaa baafatuuti yookiin miinjee namicha buttaa baafatuuti.
Akka odeef-kennaan koo “A” (fulbaana 6:2009) jedhutti namichi buttaa baafachuuf deemu
dursee qadadduu kadhata. Qadadduu ta’uu kan danda’unama abbaan buttaa baafatee fi ofii
immoo sadarkaa foollee irra jiru ta’uu qaba. Namichi kun jalqaba buttaa namichaatii hanga
shaneetti gargaaraa wajjiin tura. Qadadduun gargaartudha. Hojiin isaas namicha buttaa
baafatu yoo rafe achumaan hafa, raata’a yookiin fajaaja ta’a jedhamee waan amanamuuf,
akka namichi hin rafne bira taa’ee oduu adda addaa akkasumas, taphoota garagaraa akka hin
mukoofne taasisa.

Kana malees, namicha buttaa baafatuuf, jaarsa hirkoo waliin dhaqna dhiqa,mataa haaduun
waaqa kadhataaf. Akkasumas, namichi dhiichisu sirbee foollee kan sirbisiisuu fi mijuu
namicha irraa fuudhee kan hiru qadadduudha.

Waraabbii kanarraa kan hubannu namichi buttaa baafatu balleessaaisaa fi yakka dur hojjete
qadadduu qofaati himata. Qadadduunis cubbuun kee si dhiifameera jechuun waaqa

21
kadhateefiti qaama irraa dhiqa. Akkasumas, mataa irraa haaduun namicha buttaa baafatu
qulqulleessa jechuudha.

3.2.4. Jaarsa Hirkoo (Jaalaa)

Jaarsi hirkoo jaarsa namicha abbbaa buttaa sana goorsuu fi qajeelchuun bira dhaabatudha.
Akka odeef-kennaan koo “B” (fulbaana 7:2009) ibbsutti

jaarsi jaalaa akka abbaatti gorsa. Jalqaba buttaatti hanga xumuraatti wajjiin
tura. Namni jaarsa jaalaa ta’uu danda’u nama buttaa baafatee gadoomedha.
Innis sababa buttaa baafateef haala raawwii sirnichaa jalqabaa hanga
xumuraatti bira ta’ee qajeelcha. Kana malees, guyyaa dhaqna qabaa dhaqna
dhiqa, yoo dhaqna qabaa beeke dhaqna qaba.

Akka yaada kannarraa hubannutti jaarsi hirkoo qajeelcha, gorsaa, dura bu’aa, seera himaa
namicha buttaa baafatuu ta’ee tajaajila. Akka sumas, jaarsi hirkoo seeraa fi duudha sirna
buttaa qalaa waan beekuuf, namicha buttaa baafatu sana kan seera guchisuu fi uumaa kan
kadhatuufidha.

3.2.5. Jaartii cifiree

Akka odeeffataan koo “D” (fulbaana 8:2009) jedhutti jaartii cifiree jechuun dubartii iddoo
qarreen heerumtetti haftee buttaa ilma ishee qaqqabdedha. Kunis namni buttaa baafatu gaafa
buttaan isaa ji’a lama yookiin saditti galu haadha isaa cirfa. Haalli cirfuu kunis hiriyoota
haadha isaa waamuun baaqqee, dibbiqqoo fi sabbata bitaaf. Akka sumas,sirna kana irratti
dhadhaa baksee dibduutti naquun haadha isaa mataa diba. Kunis cirfuu jedhama. Dubartiin
jaartii cifiree ta’uu dandeessu, da’uu kan hin dandeenyee fi xuriin kan irraa dhaabbatedha.
Akkasumas, abbaa isaafis gaabii fi surree bitaaf. Walumagalatti, ga’een jaartii cifiree
eebbisuu, waa’ee ateetee haadha manaa namichaa gorsuu fi haala simannaa foollee gorsaa
gargaaruudha. Kana malees, namoonni buttaa keessatti kallatti adda addaatin hirmaatu.
Isaanis, foollee, jaarsolii, dhalootaa fi firoota namichaati. Jaarsoliin guyyaa buttaa waaqa
kadhachuun, tasgabbii sirna kanaaf barbaachisu gochuu, namoota waldhaban araarsuu,

22
foolleen immoo, sirba adda addaa sirbuun waltajjii buttaa oo’isa. Waraabbiin kun kan mul’isu
jaartiin cifiree haadha namicha buttaa baafatuu taatee kan eebbisuu fi gorsan haadha manaa
ilma isheetiif kennitudha.

3.3. Raawwilee Sirna Buttaa Qalaa

Buttaa qaluun raawwilee raawwataman qaba. Raawwileen kunniinis, haala armaan gadiitin
dhiyaataniru.

3.3.1. Sirna Guyyaa Buttaa Baafatan Ganama Raawwatu

Abbaan buttaa gaafa buttaa baafatu ganama kan raawwatu ni qaba. Akka odeeffataan koo “A”
(fulbaana 6:2009) jedhutti, Abbaan buttaa ganama barii ka’ee sangaa ofkaltiif ni qala.
Sangaan qalamus kan bifa tokkoo qofa ta’uu qaba. Buburree fi gurraacha, yoo ta’e sangaan
sun ofkaltiif hin ta’u jedhama. Namichi buttaa qabu kun harka mirgaa sangaa qalamee irraa
gogaa baafate harka mirgaa isaatti kaawwata. Kun immoo mannacha jedhama. Akkasumas,
adda sangaa qalame irraa gogaa baafatee adda isaatti godhata yookiin dhiiga sangaa qalamee
adda isaa xuqsiifata. Kun immoo Addoo jedhama. Seerri sangaa qalmatti aansee abbaan
buttaa sun godhatu, yoo dura dhaqna hin qabanne ta’e guyyuma gadaa isaa dhaqna qabata.
Yoo dura dhaqna qabateera ta’e immoo baala warqee maddii qabuun akka qaamni isaa xiqqoo
dhiigutti kutu. Kun immoo seera waan ta’eef hin hafu jedhama. Yeroo namichi buttaa baafatu
dhaqna qabatu, warri foollee akkana jedhanii faarsu:-

Ofkalii ofkali wayyaa luba koo ofkali

Gadaa abbaa kee------------ofkali

Gadaa abbaa koo------------ofkali

Uraa gurra kee---------------ofkali

Aduu kofa kee---------------ofkali

Ofkalii ofkali wayyaa luba koo ofkali jedhanii sirbaan isa jajjabeessu. Isaan booda
namichi buttaa baafatu kun bultii shaniitti gadi hin ba’u; akkasumas, qotiyyoon isaa hin qotu;
qacceen isaa hin tokka’u;foolleen immoo hanga bultii shaniitti bakka gadaan jiru irra

23
naanna’anii sirbu jedha. Waraabbii kana irraa kan hubannuu oromoon durii kaasee wanta
hojjatu tokko ofkaltii ilaallachaa, milkii laallachaa, duudhaa fi safuu eeggachaa hojjata. Kana
malees, uummanni oromoo yeroo buttaa baafatu wantoota irraa qulqullaa’u qaba. Kunis
yakka adda addaa, badii gara garaa irraa fi cubbuu dura hojjate irraa bilisa ta’uun buttaa isaa
baafata jechuudha.

3.3.2. Laga Bu’uu Yookiin Deemuu

Laga bu’uu jechuun adeemsa buttaa qalaa keessatti baay’ee barbaachisaa fi beekamaadha.
Kunis gaafa buttaa qalan galgala taasifama. Akka ragaa himaa koo “Afi B” (fulbaana
7:2009)tti galgala gaafa buttan eegalamu laga deemuuf yeroo ka’an shaashii mataatti
hidhatanii, kuta uffatanii, ulee fi alangee harkatti qabatanii ka’u. kana malees dhibayyuuf
daddarbaaf kan ta’u kan akka qorii, caccabsaa fi cuukkoo ukee ciicootti naquun laga bu’uuf
ka’u. yeroo qe’eedha ba’uuf jedhaniis sirba sirbuun ka’u. sirbichas dursa kan jalqabu abbaa
buttaa baafatuudha. Innis akkana jedha.

Abboo karra naa banimee--------------abboo karra naa banimee

Abboo karra naa banimee--------------abboo karra naa banimee

Muktis aadaa karra naaa banimee-----abboo karra naa banimee

Aadaanis daraaree karra naa banimee—abboo karra naa banimee

Kanaaf kunoo gadaan dabaree nagahee---abboo karra naa banimee

Jechuun erga sirbanii boodde gara lagaa deemu jechuudha. Akka yaada raga himaa kootti
abbaan buttaa yeroo laga bu’uuf jedhu uumaa isaa kadhateetti deema. Oromoon durii
eegaleeti amantii fi aadaa mata isaa qaba ture. Adeemsa buttaa qalaa keessatti laga bu’uun isa
dur oromoon malkaa deemee jiidha qabatee waaqa yookiin uumaa isaa kadhatu waliin wal
qabata. Akkasumas, adeemsa waaqeffannatin walfakkaata jechuudha.

3.3.3. .Wantoota Bakka Lagaatti Raawwataman

Yeroo laga bu’anis ta’ee yeroo galanis abbaa gadaa sana dursanii hin deemani. Isas hin
qaxxamuuran. Kanaan booda erga laga ga’anii warri gadaa qaban hundi walga’anii gamaaf

24
gamanaan dhaabbatanii hangafa waamu. Akka odeeffataa koo “C” (fulbaana 7:2009)tti
angafni akkas jedhee waama. “Dhaloonni si waame”jedha. Dhaloonni immoo “Dhufe
dubbadhu”jedhee bakka waamametti argama. Sanaan booda angafni akka angafaatti
quxusuun akka quxusuutti gamaa ffi gamana dhaabbatanii waaqa kadhatu. Innis akkas:-

Yaa waaqa gurraachaa garaa garbaa

Yaa waaqa rooba garaa bishaanii

Yaa waaqa gungumaa garaa jawwee

Yaa rabbi uumaa keenyaa si kadhanna

Gadaa keenyaa nu oofkalchi

Namaafi horiif, biyyaa fi lammiif,

Gosaaf waliif yaa rabbi fayyaaa nuuf kenni

Rooba nuuf kenni

Sanyii nuuf magarsi------------

jedhanii erga kadhatanii booda malkaa yookiin lagatti nyaataa fi dhugaatii baatanii dhufan
hunda isaa irraa osoo ofiif hin nyaatiin erga dhibaafatanii booda angafa irraa eegalee hanga
quxusuutti namoonni laga bu’an sun hundi osoo hin hafiin fal’aana gaanfatiin afaan wal ka’u.
sanaan booda sirbaa gara manaatti deebi’u. akka yaada kanatti sirni buttaa qaluu adeemsa
dhibaafanna of keessa qaba jechuudha. Kana malees, sirna buttaa qaluu keessatti laga bu’uun
kun of kaltii kan ittin kadhataniidha. Lagatti nyaataa fi dhugaatii dhibaafachuun immoo
milkaa’ina yookiin of kaltii waaqni nuuf kenne kan ittin galateeffamuudha jechuudha.

3.3.4. Yeroo Lagaa Deebi’an

Yeroo abbaan buttaa laga deemee deebi’u qophiilee adda addaatu manatti qophaa’a. qophiin
kunis, galgala gaafa sanaa irraa kaasee guyyaa shaniif itti fufa. Qophiileen kunniinis, nyaata

25
kanneen akka buddeennaa, caccabsaa, qorii, cuukkoo fi dhugaati immoo kan akka farsoo fi
haraqee ni qophaa’a. Firoonnis ta’ee namoonni naannoo guyyaa kana irraa kaasanii akkuma
duraa duuban waamamanitti dhufuu jalqabu. Yeroo abbaan buttaa gara manaatti dhiyaatu
sirba jalqaba sirbamee manaa ba’ame sanatu sirbama. Akka ragaa himaa koo “F”(fulbaana
18:2009)tti, yeroo abbaan buttaa lagaa deebi’u niitiin namicha buttaa qaluu re’ee balbala
duratti hiitee balbala jalatti dhokatti. Dhokachuun kan barbaachiseef akkuma dhufeen yoo
ijaan ishee ilaale du,uu dandeessi jedhanii yaadu.

Namichi buttaa baafatu sun guyyaa shaniif iddoo kutaa ciisichaa isaa ta’ee ofkalaa jechuun
nama eebbisa. Egaa erga abbaan buttaa manatti deebi’ee dargaggoonni naannoo jiran mana
warra buttaa baafatani irra deddeemanii sirbu. Isaanis foollee jedhamu. Sirbi isaaniis:-

Hoo yaa foollee-----------------------------hoo yaa foollee

Foollumaa foollumaa-----------------------hoo yaa foollee

Yaa qalbii ijoollumaa-----------------------hoo yaa foollee

Foolleen daararte kaa-----------------------hoo yaa foollee

Ijoolleen maraatte kaa----------------------hoo yaa foollee

Geesheen daraartuudha---------------------hoo yaa foollee

Foolleen maraatuudha, balbala koo hin ga’inaa jette jechaa sirbu. Akka ibsa kanaatti,
abbaan buttaa lagaa deebi’uun isaa kun akka waan haaraa ta’ee deebi’eetti fudhatama. Kun
immoo kan agarsiisu abbaan gadaa qulqulluu yoo ta’e malee biyya bulchuu hin danda’u
jechuu agarsisa. Abbaan buttaa sun laga bu’ee waaqa kadhatee, dhibaafatee, qulqulla’uudhan
gara mana gala. Kun immoo namichi sun dhaloota haara ta’uu isaa ibsa.

3.4. Hiikaa Buttaa Qaluun Hawaasaaf Qabu

Uummannii Aaanaa Gindabarat buttaa qaluuf hiikka garagaraa kennu. Akka odeefkennaa koo
“E” (Fulbaana 9:2009)tti buttaan haala namni kamuu sadarkaa gadaa isaa shaman keessa
darbee buttaa baafatudha. Namni kamiyyuu haala qabiyyee isaa irratti hunda’ee kan

26
baafatudha. Buttaa qaluu namoonnii adda addaa yaada gara garaa qabu. Kunis buttaan
amantiidha kan jedhuu fi buttaan aadaadha kan jedhuudha. Akka yaada waraabbii kanaatti,
buttaa qaluun kan namni hunduu irratti hirmaachuu danda’uu fi walqixxuummaan kan
keessatti hirmaatudha. Kunis buttaan kan hiyyeessii fi dureessi osoo wal hin qoodiin kan
waan qabuun buttaa isaa baafatudha jechuu agarsiisa. Akkasumas, buttaan aadaa hawaasni
oromoo dur ittin aangoo yookiin gadaa tokkoo gara gadaa biraati kan ittiin waliif dabarsu
ta’uu isaa ibsa. Itti dabaluun buttaan hawaasaaf bu’aa guddistuu aadaa fi sirna gadaa ta’ee
akka tajaajilu hubachuun nama hin rakkisu.

3.5. Faayidaa Buttaa Qaluun Hawaasaf Qabu

Buttaa baafachuun hawaasa oromoof faayidaa guddaa qaba. Faayidaan buttaa qalaa kunis
kallatti adda addaan mul’achuu danda’a. Akka yaada marii odeef kennitoota koo “A fi
F”(fulbaana 18:2009)tti, namni buttaa qale, alaa manaan, sa’aa namaan, sanyii fi waatiin
eebbifama. Qacceen isaanii ni dheerata. Hawaasa biratti kabaja argata. Hawaasni waan isaan
kabajaniif, rakkoolee ummataa furuuf barbaachisoodha. Namoota wal lolan araarsuu, waaqa
kadhachuu, nageenya uumaa fi uumama gidduu jiru eeguu, namoota wal ajjeesaniif gumaa
muruu, daa’ima guddisiisuu, hammachiisuuf barbaachisu. Kana malees, buttaan heeraa fi
seera oromoo calaqqisiisa. Namni buttaa baafatu aadaa, duudhaa, amantaa fi safuu hawaasaa
eeguu qaba.

Buttaan bara ittiin lakkaa’uuf bu’aa qaba. Barri gadaa tokko quufa, beelaa fi lola ta’uu isaa
bara gadaa warra abaluu akkas ture ergasii gadaa yookiin buttaa ammasituu darbe jedhamee
lakkaa’ama. Buttaan umriinamaa beekuufis ni gargaara. Sabni oromoo ebelu buttaa tokko
nyaate, buttaa lama nyaate, buttaa sadi nyaate jedhee lakkaa’a. Buttaa kudhan nyaate yoo
jedhame waggaa saddeettama ta’uu isaa agarsiisa. Akkasumas, seenaa tokko yaadachuufis ni
gargaara. Akka yaada kanarraa hubannutti buttaa qaluun hawaasaaf faayidaa kallatti adda
addaatin kennaa akka jiru nutti mul’isa. Faayidaan inni kennus, gama nageenya hawaasaa
eegsiisuuf, gamtaan waaqa kadhachuuf, duudhaa fi seera hawaasaa ittiin eegsiisuuf, namoota
walmiidhan gumaa muruun araarsuf, namoonni daa’imman wal irraa akka guddifatanii fi
umrii namootaa ittiin beekuuf ummata tajaajila turu isaa hubanna. Kanamalees, buttaa qaluun

27
kun hawaasaf yeroo aangoon gadaa tokko irraa gara gadaa tokkootti kan ittiin darbu ta’uun
tajaajila jiraachuu isaa nutti mul’isa. Itti dabalee buttaa qaluun bara gara fuulduratti dhufu
maal ta’uu akka qabu tilmaamufilee ni tajaajila jechuun ibsani jiru.

3.6. Ergaawwan Weedduu Sirna Buttaa Qalaa

Sirbi gadaa kun waggaa afur keessatti yeroo tokko sirbama. Innis jaarsa, jaartii fi ijoollee
utuu hin jedhiin namoota hundumaan sirbama. Sirboonni kunneen yeroo garaa garaa fi bakka
garaagaraatti sirbamu. Isaanis akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

3.6.1. Sirba Yeroo Laga Bu’uuf Ka’an Sirbamu

Weedduun kun yeroo namichi buttaa baafatu laga bu’ee waaqa kadhatee dhibaafachuuf yeroo
ka’udha. Odeef kennitoota koo “G fi A” (fulbaana 19:2009)

Yaa miseensa yoo ooltan malee

Beenaa dagaagaa waliin godaanna

Yaa dagaayee koo

Dagaagaa dagaagaa faana godannaa

Yaadagaayee koo

Dagaagaa dagaagaa faana godannaa

Yaa dagaalii baasoo

Dagaagaa dagaagaa faana godannaa

Yaa dagaalii cabsoo

Dagaagaa dagaagaa faana adeemna jedhanii sirbu.

Weedduu kana irraa kan hubannu miseensonni buttaa dhuftan beenaa ni deemna yookiin
abbaa buttaa waliin deemnee seera barra, abbaa buttaa sana ni kabajna jechuu barbaadaniiti.
Kana malees, abbaa buttaa sana biraa hin hafnu nuttis, waliin laga deemna jechuu isaanii
agarsiisa. Itti dabalees, jaalalaa isaan namicha abbaa buttaa sanaaf qaban ittiin kan
agarsiisanidha.

28
3.6.2. SirbaYeroo Lagaa Dhufan Karra Seenuuf Sirbamu

Weedduun kunis, yeroo laga deemani dhufan karra namicha abbaa buttaa sana seenuuf yeroo
jedhan kan sirbanidha. Odeef kennitoota koo “F fi C (fulbaana 18:2009)

Abboo karra naa banimee Abboo karra naa banimee

Yaa shanan gadaa karra naa banimee

Abboo karra naa banimee

Yaa salgan booranaa karra naa banimee

Abboo karra naa banimee jedhanii sirbu

Abboo karra naa banimee jechuun yaa uumaa koo na dhaga’i, na ofkalchi, na milkeessi
jechuudhan waaqa isaanii kadhatu jechuudha. Kun immoo waaqa, uumaa isaa kadhachuun
kara manaa seenu isaa agarsiisa.

3.6.3. Sirba Yeroo Abbaan Buttaa Gurra Uratuu fi Dhaqna Dhiqatu


Sirbamu

Weedduun kun immoo namichi buttaa baafatu yeroo inni gurra uratu namoonni achitti
argaman kan sirbanidha. Odeef kennitoota koo “C fi F”(fulbaana 18:2009)

Ofkalii ofkali wayyaa luba koo ofkali

Gadaa abbaa kee------------------ofkali

Nagaan baatee---------------------ofkali

Ofkalii ofkali wayyaa luba koo –ofkali

Uraa gurra kee ---------------------ofkali

Ofkalii ofkali wayyaa luba koo ofkali jechuun sirbu.

Ergaan weedduu kanaa namicha buttaa baafatuf namoonni buttaa irratti waamamanii
dhufantu weeddisa. Isaanis namicha buttaa baafatuutin ofkalteeta, milkoofteeta, nagaan

29
buttaa abbaa kee geeseta jechuudhan isa jajjabeessuu isaani agarsiisa. Karaa biro immoo
wayyaa luba koo jechuun isaani namicha sanaan luba taateeta, gadoomteeta jechuun hawwii
isaanii mul’isu agarsiisa.

3.6.4. Sirba Foolleen Sirbee Yoo Nyaataa fi Dhugaatiin Garaa Ga’uu


Baate sirbamu

Weedduun kun immoo foolleen mana namicha buttaa baafatu sanaati sirbee yoo nyaataa fi
dhugaatii seeran argachuu dhabe kan weeddisudha.

Daamaa eegee qurquraa--------------daamaa eegee qurquraa

Abaluun sooressa hin jennee

Maaliif kaboota gurguraa?

Eeyyee kaboota gurguraa eeyyee kaboota gurguraa jedhu. Odeef kennitoota koo E fi G
(fulbaana 19:2009) ergaan weedduu kanaa namichi buttaa baafatu sun qabeenya osoo qabuu
nyaataa fi dhugaati nuuf kennuu dide jexhuu dhaan qeea isaanii dhiyeeffachuu isaaniiti.

3.6.5. Yeroo Foolleen Sirbaa Gara Mana Abbaa Buttaa Dhaqan

Kun immoo foolleen sirbuuf gara mana abbaa buttaa sanaa deeman kan weediffamuudha.

Hoo yaa foollee

Karaan ganda dagaagaa

Luba dhaqu kami yaa ijoollee

30
Foollee foollee yaa horataa

Foollee foollee maal godhataa

Foollee foollee yaa birmajjii

Foollee foollee yaa sirbashii

Foollee foollee yaa michillee

Foollee foollee maa hin dhiichifnee

Foollee foollee yaa roobalee

Foollee foollee maal goonaree

Jechuun weeddisaa gara mana abbaa buttaa deemu. Odeef kennitoota koo “E fi A”(fulbaana
19:2009). Ergaan weedduu kanaa foolleen ganda namicha buttaa baafatu sanaa deemaa
jiraachuu isaanii kan ittiin ibsatanidha. Akkasumas, foolleen kun sirba isaanii keessatti
namoonni gadaa hunda keessa jiran sirbuu akka danda’aniis kan ittiin yaada isaanii
ibsatanidha.

3.6.6. Sirba Foolleen Nyaatanii Dhugaanii, quufanii Abbaa Buttaa Sana


Jajan

Weedduun kun yeroo foolleen waan barbaadu sana abbaa buttaa irraa argatan kan
weeddisanidha odeef kennitoota koo “A fi B” (fulbaana 19:2009).

Lootiidhaa lootiidha sibiilli gurraa looiidha

Mootiiidha abalu hundaaf mootiidha

31
Moosisii moosisi yaa waaqa kana moosisi

Jedhanii sirbu. Ergaan weedduu kanaa kabaja foolleen namicha abbaa buttaa sanaaf qaban
agarsiisa. Isaanis, abbaan buttaa sun akka waan mootii, beekaa, nama hunda caaluutti fedha
keessoo isaanii yeroo ibsatanidha. Kana malees, yaa uumaa akka inni nama hunda moo’u
taasiisi jechuudhan waaqa kudhachuu isaanii ibsa jechuudha.

3.7. Meeshalee Ulfoo Sirna Buttaa Qalaaf Barbaachisan

Sirna buttaa qaluu keessatti meeshaleen ulfoo garagaaraatu barbaachisa. Isaanis gama
faayaalee fi gama uffannaaleettin haa ilaallu.

3.7.1. Faayaalee Abbaa Buttaaf Barbaachisan

Sirna buttaa qaluu keessatti faayaalee garagaaraatu barbaachisa. Kunis, wantoota adda addaa
irraa tolfama. Faayaaleen kunneenis:-

3.7.1.1. Siiqqee

Siiqqeen waddeessaa fi arooressa irraa tolfama. Kunis yeroo buttaan waggaa saddeetitti
dhiyaatu tolfamee qaqaa manaa keessa suuqama. Innis diimatee bareeda.

Akka odeef kennaan koo “C” (fulbaana 5:2009) jedhetti hawaasa oromoo biratti, siiqqeen
hormaataa fi nageenya agarsiisa. Yeroo warri gadaa seera tuman borootti garagalchanii kaa’u.
Dabalataanis, guyyaa namichi buttaa baafatu, qadadduu, jaarsa hirkoo harkatti qabati. Kunis
warra kaan irraa adda ta’uu fi nama seeraa ta’uu isaanii mul’isa. Akk yaada kanarraa
hubannutti siiqqeen sirna buttaa keessatti nageenyaa fi jaalala yookiin hormaata agarsiisti
jechuudha.

3.7.1.2. Alangee

Akka odeef kennaa koo “B” (fulbaana 6:2009)tti alangeen gogaa loonii yookiin gogaa Roobii
irraa tolfama. Alangee yeroo qabatanii deeman hin dachaasan . kun kan agarsiisu seerri
keenya hin jallatu jechuudha. Akkasumas,namni buttaa baafatee yeroo gabaaf sirbuuf

32
deemanii fi gadaa xumuruuf deeman siiqqee fi alangee harkatti qabatu. Yaada odeef kennaa
kanarraa wanti hubannu Alangeen tajaajila adabbiittif akka ooltu nu hubachiisa. Kunis namni
seera sirna buttaa sanaa akka hin cabsineef, ittiin eeguuf tajaajila jechuudha.

3.7.1.3. Addoo

Addoon gogaa xiqqoo adda korma buttaaf qalamu irraa tolfama. Akka odeef kennaan koo “C,
F fi A” jedhanitti Addoon mallattoodha. Addoon adda kormaa irraa tolfama. Namichi buttaa
baafatu addatti godhata. Kunis hiikaa mataa isaa qaba. Hiikni kunis, adda nuu kenni yookiin
nu kabachiisi jechuudha. Adda jechuun mo’ichaa, milkaa’inaa yookiin ofkaltii nuuf kenna,
irra nu aansi jechuudha. Akka yaada kanarraa hubannutti Addoon mallattoo milkaa’inaa,
gootummaa, jagnummaa fi injiffannoo ta’uu isaa hubanna jechuudha.

3.7.1.4. Lootii

Lootiin sibiila irraa tolfama. Kunis, guyyaa dhagna qabaa gurra uranii lootii itti kaa’u.
Abbaan buttaas guyyaa kana irraa qabee hanga ji’a tokkootti kawwachuu qaba. Ji’a tokko
boodee garuu dirqama hin qabu odeef kenna koo “B” irrati. Akka ibsa kanarraa hubannutti
lootiin mallattoo abbaan buttaa godhatu ta’ee, abbaan buttaa sun oofkaluu isaa fi buttaa
baafatee gara sadarkaa abbaa gadaati ce’uu isaa agarsiisa jechuudha. Akkasumas, lootiin kun
namichi buttaa baafate kun nama abbaa seeraa ta’uu danda’uu fi nama safuu, seeraa fi dambii
hawaasaa beeku ta’uu isaa mul’isa.

3.7.2. Uffannaalee Abbaa Buttaatif Barbaachisan

Gaafa buttaa abbaan buttaa baafatu uffannaaleen aadaa adda addaa ni barbaachisu. Isaanis;

3.7.2.1. Bullukkoo yookiin Gaabii

Uffanni aadaa irra caalaan isaanii jirbii irraa dhahamu. Gaabiin jirbii irraa dhahama. Kanas,
haadha manaa namicha buttaa baafatuutu dhoofsisaaf. Akka odeef kennitootni koo “A, D fi
E” jedhanitti bullukkoo dhahuuf jalqaba jirbiin muka jirbii irraa funaanama. Itti aansuun haati
manaa abbaa buttaa sun ogeessa bira geesun dhoofsiftiif. Ogeessi suniis, gatii harkaa

33
fudhachuun bullukkoo kennaaf. Yaada waraabbii kanarraa bullukkoon kan namichi abbaa
buttaa uffatudha. Bullukkoon kunis, kan agarsiisu haati manaa namicha buttaa baafatuu
kabaja yookiin jaalala isheen abbaa manaasheef qabdu mul’isa. Akkasumas, bullukkoon
namichi abbaa buttaa sun nama kabajamaa fi aadaa guute ta’uu isaa agarsiisa jechuudha.

3.7.2.2. Sabbata

Akka odeef kennitootni koo “B, G fi F” jedhanitti sabbanni akkuma gaabiitti jirbii irraa
tolfamee dhoofsifama. Sabata obboloottii namicha buttaa baafatuu yookiin durbii isaatu
qopheessaf. Kanas namicha buttaa baafatu akkoo hidhatu hiitiif. Waraabbii kanarraa kan
hubannuu obboleettiin namicha buttaa baafatuu kennaa isheen isaaf kennitu ta’uu isaa
hubanna.

3.7.2.3. Shaashii

Shaashiin jirbii irraa fo’amee dhoofsifama. Namoonni buttaa baafatan mataa isaanii ni
haaddatu. Akka odeef kennitootni koo “C, D fi G” jedhanitti mataa haaddachuun
qulqulaa’uun wal qabata. Mataa haaddatan kannatti shaashii adii maratu. Yaada kanarraa kan
hubannu namni buttaa baafatu badii yookiin balleessa dur dalage irraa bilisa ta’uu qaba. Innis
mataa haaddachuun ta’a. abbaan buttaas, kan mataa haaddatu cubbuun koo narraa dhiqama
jedhee wan yaadufidha.

3.7.2.4. Kittaa

Kittaan uffata adiidha. Jirbii fi aboojadee irraa hodhamuu danda’a. kanas, abbootin gadaa
akka uffata guututti gadi kaawwatu. Uffannaaleen kun adiidha. Akka odeef kennitootni koo
“B, A, F fi E” jedhanitti uffanni adiin kun qulqullummaa yookiin yakka duraanii irraa bilisa
ta’uu ibsa. Dabalataanis, guyyaa gadaa baafatan warra kaan irraa adda ta’uu mul’isa. Yaada
kanarraa wanti hubannu namichi buttaa baafatu uffata adii uffachuun isaa yaada isaa isa durii
irraa gara nama biyya bulchuu, abbaa gadaa ta’uu, abbaa duulaa ta’uu fi yaada badaa keessaa
bahuu isaa agarsiisa.

34
35
BOQONNAA AFUR

4. Cuunfaa, Argannoo fi Yaada Furmaataa

4.1. Cuunfaa

Qorannoon kun sirna buttaa qaluu Aanaa Gindabarat irratti kan gageeffameedha. Buttaan
ayyaana guddaa sirna gadaa keessatti ayyaaneeffamuudha. Gadaan falaasama saba oromoo,
haala bulchiinsaa, dinagdee, amantaa, hawaasummaa, heeraa fi seera kan ta’e utubaa aadaa
seera oromooti. Sabni oromoo yoo sirna gadaa qabaate, seenaan oromoo guutuu ta’ee
barreeffamuu, dubbiffamuu fi odeeffamuu danda’a. ilmi oromoo tokko ulaagalee gadaa
keessatti barbaachisan yoo guute biyya bulchuu danda’a. ulaagaleen kunis, safuu hawaasaa
kabajuu, lolee daangaa gosa isaa bal’isuu, angafummaa eegachuu, marsaa gadaa shanan ce’uu
fi buttaa qaluudha. Gareen gadaa tokko wayita taayitaa qabatuu fi xumuru ayyaaneeffata
guddaatu ta’a. Ayyaanni kun ayyaana buttaa jedhama. Buttaan ayyaana hawaasni gareen
yookiin dhuunfaan kabajudha. Buttaan bulchiinsa qofa osoo hin taane, amantiinillee ni
calaqqisu. Abbootin gadaa wayita aangoo fudhatan ayyaantuun eebbifamuu, fedhii fi seera
waaqaa waan eeganiif ni kabajamu ni farfamuus. Kana malees, uffannaaleen aadaa haaraan,
meeshaaleen sirna kanaan wal qabatan, nyaannii fi dhugaatin adda addaa ni qophaa’u.
Akkasumas, buttaa qaluun faayidaa yoo qabaatu, buttaa qaluu dhiisuun immoo miidhaa qaba.

4.2. Argannoo

Walumaagalatti, adeemsi buttaa qaluu oromoo Maccaa Aanaa Gindabarat warren yeroo
ammaa kana buttaa baafachaa jiranii haala kanaan qorachuun barbaachisaadha. Sababni isaas,
aadaa saba oromoo keessaa sirni gadaa aadaa, duudhaa, safuu, jiruu fi jireenya hawaasaa kan
ibsudha. Yoo ta’us, hawaasa kana keessatti yeroo ammaa haala duraan tureen buttaa baasuun
adeemsifamaa hin jiru. Kunis;

 Sababii dadhabina qabeenyaa

 Babal’achuu amantiilee adda addaa fi dhiibbaa siyaasaa tokko tokkoon buttaa baasuun

36
hafaa deemuun isaa immoo eenyummaan hawaasichaa akka dhokatu taasisa. Kana
malees, dhaloonni duubaan dhufan waa’ee aadaa hawaasa isaanii akka wallaalan
godha.

 Dhaloonni duubaan dhufan aadaa buttaa qaluu kana akka hin barbaachifnee fi akka
waan faayidaa hin qabneetti ilaalu. Kun immoo, aadaa buttaa qaluu kana hawaasa
duubaan dhufuuf dabarsuu irratti dhiibbaa qaba. Walumaagalatti, wantootni buttaa
qaluu irratti dhiibbaa geesisan kun aadaa sirna buttaa irratti rakkoo waan geesisaniif
dhaloonni fulduraa kana hubachuun rakkoo kana hambisuu qabu.

4.3. Yaada Furmaataa

Buttaa qaluun aadaa, duudhaa, safuu fi falaasama hawaasaa kuusee dhalootaa dhalootatti
dabarsa. Kanas, qorannoon kun hanga tokko ifa baasuu yaaleera. Buttaa qaluun faayidaa
hedduu hawaasaaf osoo qabuu yeroo ammaa hawaasa Aanaa Gindabarat biratti hir’achaa jira.
Sababoota kanneen keessaas, tokko namoonni hedduun buttaan akka waan faayidaa hin
qabnee fi akka aadaa duubatti hafaatti ilaalu. Kun immoo aadaa buttaa qaluu kana irratti
dhiibbaa guddaa waan qabuuf barsiisun hawaasni kun faayidaa buttaa akka beeku
hubachiisun dirqama ta’a. Akkasumas, Waajjirri Aadaa fi Turizimii Aanaa Gindabaratis,
qorannoo gadi fageenyaa taasisuun faayidaa buttaa qaluun hawaasaaf qabu beeksisuu qaba.
Barattoonni afaan oromoo fi waa’ee aadaa baratan faayidaa buttaa kana irratti qorannoo
gaggeessuun hawaasaa barsiisu qabu. Kun immoo aadaa buttaa qaluu hawaasni ofii beekuu
irra darbee kunuunsuu fi dhaloota duubaan dhufaniif yaaduu qabu. Akkasumas, lammileen
oromoo guddina aadaa fi afaan isaaniif yoo dhama’an gadaan saba oromoo yeroo ammaa
kana caala guddachuu danda’a. kunis, ta’uu kan danda’ ummannii oromoo aadaa, seenaa,
duudhaa, safuu, amantaa fi falaasama isaa beekee yoo tattaafateedha.

Walumaagalatti, rakkina kana furuuf hawaasnii fi qaamni dhimmi ilaallatu hundi gama isa
ilaallatuun dammaqee hojjechuu qaba.

37

You might also like