Professional Documents
Culture Documents
1. Seensa
Yaada kanaan wal fakkaatu world book(1994:287) volume 7 yoo ibsu, << folklore is any
belief,customs and tradition that people pass on from generation to generation>> jedha.Yaada
kana irraa kan hubannuu foklooriin amantaa kamiyyuu duudhaa fi aadaa namoonni dhalootarraa
dhalootatti waliif dabarsaniidha.
Dhalli nama ilaalcha uumaa fi uumamaaf qabuu irratti hundaa’ee amantii mataa isaa
uummata.Ummanni oromoo akkuma ummattoota biroo amantaa mataa isaa qaba.Ummanni
oromoo dhufaatii amantaa kiristaanaa fi musliimaa dura sirna waaqa tokkotti amanuu amantaa
waaqeffannaa jedhamuun bula ture.
Yaada kana Dirribiin (2012:20) irratti yoo ibsu,<<waaqeffannaa jechuun amantii waaqa
tokkichatti amanuuti.Waaqeffannaan amantaa uumamaa isa ganamaa kan ummata oromooti >>
jedha.Yaada kana irraa kan hubannu ummanni oromoo jaiqaba irraa kaasee amantaa mataa isaa
kan qabu yoo ta’u amantaan waaqeffannaa ummataa kuushitiin Ardii Afrikaa keessatti kan
uumame ta’uu isaati.
Amantaan oromoo amantawwaan biro dursuurraa darbee, sirni ayyaaneffannaa fi duudhaan isaa
daran miidhagaa fi gammachiisaadha.Seerri ittiin bulmaata amantichaas waaqa uumaa
tokkichatti amanuu,waaqeffachuu fi galateffachuudha.Kunis Oromoon kan
waaqeffatuudha.Sabni Oromoo ummattoota kaaba bahaa hidda kuush qaban keessaa isa
maddeedha.Sabni kun bara dheeraa keessatti sirna aadaa fi amantii ofii ittiin gaggeffatu kan
mataa ofii qaba ture.
Yaada kanarraa kan hubannu amantiin oromoo angafa amantaalee biro akka ta’eefi haalli
ummatichii waaqa ayyaaneffaatuu galateeffatu kan miidhagina qabu ta’uu. Akkasumas,
uummatichi kan itti amanu waaqa uumaa tokkicha ta’uun isaa hubachuun ni danda’ama.
Uummanni oromoo kadhaa waaqaatiif yeroo malkaa, tulluutti bahuu, yeroo wadaaja
qoopheeffatu galma keessatti waaqa isa uume kadhachaa fi faarfachaa ture.
Kanuma deeggaruun Nagarii (1993:84) irratti yoo ibsu, <<Sabni oromoo osoo amantiin
kiristaanaas ta’ee amantiin Islaamaa biyyasaatti hin babal’atin duraayyuu waaqa safeeffachaa,
kadhachaa fi galateeffachaa tureera. Faaruunis akaakuu afoolaa quunnamtii oromoon waaqa
wajjin qabu ibsan keessaa isa tokkoodha. Oromoon dhuunfaadhaanis ta’ee gareedhaan
guddummaa waaqayyoo ni jajata>> jedha.
Yaada olii kana irraa kan hubannu uummanni oromoo walaloo faaruu kan waaqa ittin
ajaa’ibsiifatu, guddummaa fi tokkichummaa waaqaa ittiin ibsatu, beekumsaa fi dandeettii waaqaa
kan ittin ibsatu qabaachuu isaati.
Qorattuun kanaa qorannoo kana adeemsisuuf kan kakaase sababoota adda addaatiin adeemsi
safuu fi naamusa hawwaasichaa ittiin eegsisan, akkasumas, jabeenyaa fi quunnamtii waaqaa
wajjin qaban ittiin cimsatan kun laafuu fi bifa barreeffamaatiin taa’uu dhabuudha.
Kanaaf qorannoon kun kan geggeeffamuuf inni guddaan waaqeffattoonni fi hawaasni oromoo
jeekkarsa amantii waaqeffannaa kana akka hin bannee fi kunuunsa barbaachisu gochuun bifa
barreeffamaatiin kaa’uu qabu.
Kanaaf, qorannoon kun gaaffilee armaan gadiitiif deebii ni kenna jedhamee abdatama.
Kana malees qorannoon kun; qaama dhimma kana fakkaatu qoratuuf wabii fi madda
odeeffannoo ta’uu danda’a. Dhaloota dhufuuf yaada ka’umsaa akka ta’uuf, Aadaa saba sanaa
saboota biroof calaqqisiisuuf. Qabiyyeen jeekkarsa sanii akka hin banneef qaama barbaachisuuf
hubannoo kennuu danda’a. waajjira aadaa fi Tuuriizimii Aanichaatiifis akka madda ragaatti
fayyaduu danda’a.
Kanaaf, qorannoon kun Aanaa Ada’aa Magaalaa Bushooftuu Hora Harsadii irratti daanga’e,
akkasumas, daangaan qorannoo kanaa qaaccessa qabiyyee jeekkarsaa galma waaqeffannaa
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aa Magaalaa Bushooftuu Hora Harsadii irratti kan
xiyyeeffateedha.
Qorattuun raga funaantu meeshaalee raga ittiin funaannatu gahaa dhabuu fi hanqinni maallaqaa
mudateera. Hanqina maallaqaa mudate kanas namoota adda addaa gargaarsa gaafachuudhaan
qorannoo kana galmaan geessee jirti. Namoonni yeroo odeeffannoo kennan waraabamu shakkii
irraa kan ka’e odeeffannoo bal’aa kennuu dhiisuudha. Bifa daawwannaa fi af gaaffiin
odeeffannoo hirmaattota irraa funaannachuuf yeroo fi maallaqni baay’een rakkisuu danda’a.
Kitaaboleen mata duree kanaan wal qabate dhabamuu. Fageenya karaa irraa kan ka’e yeroo
yeroon odeeffannoo funaanuuf rakkisaa ta’uu.
Rakkoon kun qorattuu haa mudatuyyuu malee, qorattuun kun waaqeffattoonni guyyaa dilbataa
malee baay’inaan galmatti waan hin argamneef qorattuun kunis guyyaa dilbataa eegdee galmatti
argamuudhaan odeeffannoo funaantee qorannoo kana hojjechuuf yaaltee jirti.
2. SAKATTA`A BARRUU
Hiika fookloorii namoota adda addaa biratti mormii kaasaa kan tureyoo ta`u ,hiikaa isaa jechaa
salphaa tokkon kaa`uun hin danda`amu
Akka fiqade(1984:5) jecha fookloorii jedhu yeroo jalqabatiif namni itti fayyadame nama lammi
ingiliizii wiiliyaam joon tooms jechuudha .fooklooriin alidileen kan baramuufi beekumsaa
waa`ee addunyaa kan hin taane waa`ee hawaasumma ,amantii,aadaa,fi barsifataati.innis kan
ibsamukaraa jechaa ,sirbaa,duudhaa,gochaa,amalaafi meesahaleetiin .akkasumas waliin dubbi
adeemsa jijjiramaa waa uumuufi walii galtee fi beekumsaa qabnu akka ummata biroo wajjin
qoodannu taasisa.
Kanumatti dabaluun encyclopedia of Britannica(1993:493) yoo ibsu” foklor is the part of the
culture,custom and bliefs of society that is based on popular tradition it is produced by the
community and is usually transmitted orally and by demonstration “jedha.
Fooklooriin akkuma aadaa yaada bal`aa kan hammatu yoo ta`u maalummaa isaa gabaabsinee
ilaaluuf fooklooriin kutaa aadaa keessa kan qorannoo saayinsii irratti hin
hundoofne,aragannoolee saayinsiifi teeknoloojii kan hin hammanne,dhalli nama beekumsa
muuxxannoo isaa irra argate irraa ka`uun wantoota tolchu,hojjaatu,dubbatuufi raawwatu
akkasumaas bifa duudhaa ta`een kan raawwatuufi kan dhaloota dhaalchiisu qaama aadaati.
World book volume_7(1994:287) fookloorii yommuu ibsu,”folk any of the belief, customs and
traditions that peoples pass on from generation to generation” jedha. Yaada kana irraa akkuma
hubannu fooklooriin kan hawaasni amantii kamiyyuu,duudhaafi barsiifata isaa dhalootaa
dhalootatti ittiin dabarfatuudha.akkasumaas fooklooriin walii galtee miidhagaa hawaasa
muraasati.
Walumaa galatti fooklooriin barnoota hawaasaa kan barreefamaan hin kaa`amnefi hiikaan isaa
kana jedhanii murteessuun bay`eek an nama rakkisuudha. Sababni isaas waa`ee fookloorii
irratti hayyoonni garagaraa yaada garagaraa kennu, irrattis walii galuu hin dandeenye.
Kanaafuu hiikni fookloorii kana jedhanii lafa kaa`uun nama rakkisa kan jedhamuufis kanumaaf.
2.2.Faayidaa Fookloorii
Yaada kanarra kan hubannu fooklooriin mana kuusaa yookaan galmee addunyaatiif gamaacha
guddaa kan taasisuudha. Fooklooriin yaada, ilaalcha hawaasa tokkoo akkasumaas, aadaa,
seena, hawaasicha kan calaqisiisuudha. Miidhaginni fookloorii keessa jiru akka riqichaatti
hawaasa walitti fiduu kan danda`uu ta`uu isaafi sabni tokko fedhii qabu karaa inni ittiin
ibsatuudha. Akkasumaas hawaasni aadaa isaa akka jaallatu gochuun safuufi duudhaa ganamaa
akka barsiifatuuf tokkummaa hawaasa cimsuuf gargaara.
Yaada kana world book (1994:290) yoo ibsu “folklore is reflects the attitude and ideas of society
for example much folklore reflects how asociety regard the role of males and females in the
real life” jedha.
Yaada kana irraa kan hubannu fooklooriin yaada fi ilaalcha hawaasa akkasumaas, gahee dhiiraas
fi dubaratiin jireenya hawaasicha keessatti qaban kan ibsuudha.
Artii sochii qaamaa hawaasa gosa aartii afoolaa keessaa ta’ee dhimma sochii
qaamaanmul’atudha. Akka Misgaanuu (2011:22) ibsutti aadaan ogummaa sochii qaamaa
ogafaanii fi afoolaa miidhagina kan kennuu fi lubbuu kan ittihoruudha. Sochiin qaamaa
kunis,dhiichisa,shaggooyyee,(geelloo) fi kan kana fakkaataan of keessatti qabachuu danda’a.
Akka Misgaanuun (2011:22) ibsutti gosti aartii kanaas uffanni aadaa uffatamee meeshaalee
muuziqaa aadaatiin deeggaramee wantoonni miidhagina aadaa erga raawwatamanii booda
akkuma aadaa sabichaatti qophiin barbaachisu taasifamuun fuula,mataa,harka,miilla,mudhii fi
morma sochoosuudhaan dhimma raawwatamuudha.
Afoolli dhaala jechaa kan muuxannoo jiruu fi jireenya saba tokko dhalootaa dhalootatti ittiin
darbu qaama ogbarruuti. Karaa biraatiin afoolli kan hawaasa eenyummaa isaanii, aadaa,
amantaa fi duudhaa isaani ittiin ibsatanii fi dabarfataan, afaaniin dhalootaa dhalootatti
daddarbaa dhufeedha.
Kana jechuun afoolli akkuma maqaa isaa irraa hubatamu barreeffamaan osoo hin taane afaanin
dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufee fi darbaa kan jiru, fuuldurattis kan darbu damee saba
tokkooti. Abarraa naafaa(1995:137) irratti afoolli ummata kamiyyuu osoo hin dangeessin
akkuma ogbarruu yaada, falaasama, aadaa fi duudhaa uumaa namaa ifa godha jechuun lafa
ka`era
Afoolli saba tokkoo dhalli namaa naaf haa ta’u jedhee qooqa isaattin fayyadamuun eenyummaa
isaa,yaada ,fedha,amantaa,aadaa,duudhaa mo’uu fi moo’amu isaa,deeggarsaa fi diddaa isaa fi
kan kana fakkaatan dhaloota dhalootatti kan ittiin dabarsaa ture fi umrii dheeraa kan qabu
qabeenya ummataati. Hawaasni afoola isaatin falasamaf akkaata ilaalcha jireenya walii gala
irratti qabu ibsata.Kanaafuu afoolli dilbii ummata kan haalli walii gala muuxannoo fi beekumsaa
keessatti walitti qabamanii ittin har’a gahanidha.
Walumagalatti hawaasni tokko seenaa akkamii keessa akka darbee dhufe adda baafachuuf
ogafaaniif waan ogafaan keessatti hammataman qorachuun dirqama ta’a.sababni isaas ogafaan
waa’ee labata darbee isa har’aatti himuuf humna waan qabuufidha.
Damee fookloorii kana keessatti amantaawwan garagaraa kan ibsudha. Dorson (1972:144) yoo
ibsu aadaan barsiifata hawaasaa wantoota bu’uura ta’an of keessaa qaba jechuun ibsa.
Duudhaan hawaasaa amala hawaasni waliin qoodatu ilaalata.Amalli kun kan ture dhabbataa fi
karaa jireenyaa akka feeteen ta’uu mala. Kunis dhalli namaa hanga jirutti kan jiraatu
ilaallata.Hawaasni waliin jiraachuuf jecha kan waliin hordofuudha. Duudhaan hwaaasaa
dhimmoota aadaa waliin hidhata qaba.
Hawaasa gidduu bara dheeraan dura kan turee fi sabni irratti walii galtee kan
fudhateedha.Misgaanuu (2011:22) akka ibsutti duudhaa hawaasaa jalatti dhimmoota
gurguddoo hedduu jiran keessaa murasa isaanii akka armaan gadiitti ilaaluun ni
danda’ama.isaanis festivalaa fi kabaja ayyaanaa,taphaa fi bashaannana,qoricha aadaa,amantii
aadaa,aadaa yookiin waan safuu,hooda,tapha aadaa fi kan kana fakkaatan jechuun lafa kaa’a.
Hayiluu (1997:91) yoo ibsu,” amantii sabni oromoo hordofu sadan keessaa waaqeffannaan isa
tokkoodha. Waaqeffataa jechuun osoo amantiin jabanaa biyya oromoo keessa hin seenin kan
oromoon gaggeessaa amantii kana hordofan waaqeffataa jedhamu. Kan isaan itti amanan
waaqayyoo tokkicha “ jedha. Akka yaada kanaatti waaqeffanaan amantaalee kiristaana fi
islaama dura kan ture fi ummanni oromoo amantaalee kanniin hordofuun dura amanta
waaqeffanna hordofaa kan turedha.
Sabni oromoo siyaasa ilaalchisee sirna bulchinsaa fi sirna mana murtii kan ittiin murteeffatu
sirna gadaa akkuma qabu hundaa durii jalqabee uumaa isaatti kan amanuu sirna amantii, sirna
qaalluus ni qaba. Kunis, maxxanumma biroo kan hin qabnee fi waaqa tokkichatti qofa kan
amanuu amantii waaqeffanna jedhamu qabu. Waaqeffannan oromoo kamifiyyuu aadaa
Kanumatti aansuun Dirribi (2011:29) yoo ibsu “waaqeffannan is the religion of ancient black
people. It lived horn of Africa. It is the religion of Cushitic people the oromo “ akka yaada
kanaatti ummanni oromoo dur irraa kaasee amantaa mataa isaa kan qabu ta`uu isaa fi waaqa
tokkichatti kan amanuu ta`uu isaati. Waaqeffannaan kan dhufee jecha afaan oromoo waaqa
jedhurra laachifameeti. Waaqa jechuun uumaa dachii fi ruudaa namaa fi uumama kan namaa
olitti argamuudha. Akka amantiitti garuu waaqa jechuun uumaa waa hundaa, kan waa mara
irratti aangoo olaanaa fi dhumaa qabuudha. Maddii waaqeeffanna ummata oromoo akka
ta`eefi waqni uumaa uumamaa hunda ta’uu isaa fi waan hunda gochuuf hundaa ol humna kan
qabu ta’uu isaati.
Amantiin tokko hawaasa keessaa madde qaba. Yaada kana Maatiin (2006:46) yoo
ibsu”Hayyoonni akka jedhanitti waaqeeffannaan amantii dhugeeffannaa oromoo fi saboota
kuush kan jalqaba dachii kana dhufe ammallee haala adda addaan osoo hin badiin
sesseellachaa kan yoona gaheedha”jedha.akka yaada kanaatti amantiin waaqeffannaa hawaasa
oromoo keessa kan uumameefi maddi ishii ummata kuush ta`uudha.
Ummanni oromoo kan jedhu waaqa nu uumetti amanna, uumamaan waaqa kadhanna, kun
ilaalchii fi amantii ummata gurraachaa afrikaa ummata kuushiiti. Ummanni kuush amma akka
oromoon dhugeeffatuttis ta`ee ,akka seenaan ragaa bahutti ummata angafa sanyi namaati.
Ummata jalqaba lafa kanarratti uumameedha. Bakki itti ummanni kuush uumame naannoo
lagoota Abbayyaa,hawaash fi oomoo gidduun immoo bakka itti sanyiin namaa fi qaroomni
uumame ta’uu isaa qorannoo bara dheeraa booddee UNESCOn bara 1987 eegale dhugaa ta’uu
isaa fudhatee ittiin barsiisa jira.
Kanumatti dabaluun Geetachow (2008:35) yoo ibsu “As far as proved to be the origin of man it
was the continent where the human being had began to form simple and complex social
organizations. It was on this continent that one of the earliest ancestors of black African
families known as the oromo had .come to recognize the existence of a supreme being. A part
from them they identified the supreme being as trance dental reality by giving him the name
“waqa”jedha.
Yaada kana irraa kan hubatamu akka qorannoowwan adda addaa agarsiisanitti maddi dhala
namaa ardii afrikaa akka ta`eefi ummanni angafaa sanyii namaa ta`e ummanni kuush humni
guddaan waa hunda gochuuf dandeettii qabu tokko akka jiru kan hubateefi moggaasa waaqa
jechuun waaqa kan tureedha.kanaaf waaqeffannaan kan madde ardii afrikaa bakkuma dhalli
namaa jalqaba itti uumame ta`uu isaati.
Kanaaf maddi dhala namaas ta`ee amantaa waaqeffannaa ardii afrikaa keessa ta`uudha. Kana
malees ummanni kuush ummata gurraacha qaroominaan hangafa ta`eefi ummata amantaa
waaqeffannaa uumedha
Hawaasni amantii tokko hordofu akkaataa ittiin waaqa ilaalu yookaan ittiin ibsu qaba. Ummanni
oromoo waaqeffataanis akkaataa uumaa isaa ittiin ilaalu kan mataa isaa niqaba. Yaada kana
Dirribii (2012:56) yoo ibsu”Oromoon yeroo waaqa kadhatu,gurraacha garaa garbaa,leemmoo
garaa taliilaa, tokkicha maqaa dhibbaa,guddicha hiriyaa hin qabne, kan waa hunda beeku, kan
waa gochuu danda`u, kan bakka mara jiru, kan hin kufne,hin cabne fi kan hin duunedha. Akka
ilaalcha waaqeffannaatti waaqni kan hin dhalle, hin dhalchine, hin jaaru, hin dulloomu, hin du`u
hin ka`u kan barabraan jiraatudha” jedha.
Akka yaada kana irraa hubannutti, akka ilaalcha waaqeffatootatti waaqni tokkicha waa hunda
gochuu danda’u,kan gita hin qabnee fi kan bara baraan jiraatu ta’u isaa hubanna. Kana malees
akka ilaalcha waaqeffannaatti waaqni ka jalqabaa fi dhuma hin qabne abbaa dandeetti gudda
ta’u isaati.
Kanuma deeggaruun Maammoo (2001:10) yoo ibsu” guddicha garaa garbaa,tokkicha maqaa
dhibbaa,leemmoo garaa taliila,utumabaa malee ejjette,dhisaa malee diriirtee,yaa’ii malee waa
murtee,waraana malee loltee,araara malee toltee jechuudhan oromoo waaqeffataan kan
waaqa faarsu ta’uun beekamaadha. Waaqni akka amantii waaqeffannaatti kan uumama mara
uume,kan uumama hunda irrattu olaantummaa qabu,kan guddinni fi dandeettiin isaa daangaa
hin qabne,kan ija namaatin arguu kan hin dandeenye hojii isaatiin qofa kan beekamu abbaa
uumama maraati.
Yaada kana irraa kan hubatamu akka ilaalcha waaqeffannaati waaqni abbaa aangoo guddaa kan
uumama mara uume ta’uudha. Sirna gadaa jalatti gurmaa’ee jiraacha kan ture,har’a ilee kan jiru
ummanni oromoo humni olaanan tokko akka jiru amanee erga fudhatee waggaa 6000 ol akka
ta’e hayyoonni gadaa oromoo ni dubbatu. Humna olaana kanas maqaa waaqa jechuun
ittiinwaama jira.Egaa gabaabumatti ummata oromoof waaqa jechuun uumama jechuudha.
Jeekkarsi faaruu waaqaa kan ummanni oromoo waaqeffataan waaqa isa uume ittiin
faarsudha.Jeekkarsi dandeettii,aangoo,beekkumsa,guddina,tola,tikaa fi gara laafina waaqaa kan
ittiin ibsatanidha.
Yaada kana Misgaanuun (2011:83) yoo ibsu “Aadaa ummata oromoo keessatti walaloowwan
faaruudhan ibsaman keessaa inni tokko walaloo faaruu waaqaa yookiin amantiiti.Sirboonni
hojiiisaani maraaf aagii yookiin garii akka isaanif godhu kan ittiin ibsanii fi waan waaqayyoo
isaanif godhe hundaaf kan ittiin galata galchaniidha. Oromoon olantummaa yookiin
guddummaa waaqaa,jijjiiramu dhaba waaqaa,beekumsaa fi muuxannoo dhala namaatii ol
qabaachuu uumaa waaqaa galateeffachuu yookiin dinqisiifachuu irratti kan xiyyeeffatuudha.
Akka oromooti ummanni hundumtuu hojii harka waaqayyoo waan ta’aniif,ulfina isaa
himu.Kanaafis,oromoon afwalaloo dhimma jajuu waaqaa of keessaa qaban hedduu of gidduutti
qaba. Ummanni oromoo faaruu guddummaa waaqaa,dandeetti,jabina,raajii,beekumsa,aangoo
fi kabaja waaqaa ittiin ibsatu qabaachuu isaa fi faaruu kanaan hojii uumaa isaa calaqqisiisa
jechuudha.kana malees jeekkarsii qabiyyeewwan hedduu of keessa qabaachuu danda`a. isaan
keessa akka bu`uuraatti kadhaa fi galata jechuun ni dandeenya. Jeekkarsii tokko yeroo
jeekkaramu kadhaa waaqaa kan nu hubaachiisu ta`uu fi jeekkarsi yeroo jeekkarame
xumuramuu waaqaa galateeffachuu akka waan ta`eetti hubatama.
Akkuma naamusa amantii oromootti namni tokko ol jedhe yoo waaqa kadhate isaa irraa akka
argatu amana. Akkasumas, gadi jedhee yoo kadhatee lafa irraa argachuu akka danda`u cimsee
amana.
Getachoo (2008:35) yoo ibsu “waaqa kadhatanii galateeffachuun waan barbaadan sana irraa
argachuudha.Ummanni oromoo durii jalqabee sirna gadaa keessatti misoomfate ittiin jiraacha
har`a gaheedha.Oromoon waan hawwe tokko argachuuf “yaa waaq ati na gargaari” jedhee
waaqa kadhata.Kadhaan waaqaa wanta barbaannu fi hawwinu waaqarra
argachuudha.Waaqeffatoonni haala aadaa isaaniitiin wal qabateen kadhaa waaqaa adeemsisu.
Waaqeffatoota biratti kadhaa waaqaa dura qalbi ofii sireessu fi qulqulloominni argamuun
barbaachisaadha. Akka waaqeffannaatti kadhaa fi galata guddisuu caalaa safuu waaqaa
eggatanii, cubbuu irraa qulqullaa`anii argamuudha.Mammaksii waaqeffatoota “waaqni kadhaa
hin tolu, uumaa tola”jedhus kanuma nuhubachiisa.
2.8.2 Galata
Mala kana Addunyaa (2011:60) irratti yoo ibsu, malleen qorannoof bu’uura ta’an keessaa inni
tokkoo mala akkamtati.Malli kun odeeffannoo aslii kan rakkoo qoratamu sana gadi fageenyaan
dhiyyeessuu fi argannoof haala mijeessuu irratti humna qaban irratti xiyyeeffata.Malli akkamtaa
haalli jiruu fi jireenyaa hawaasichaa yookaan amala hawaasa sanaa akkaata fi bifa inni qabuu fi
qabata isaa akkasumas, maal jechuu akka ta’e kan ittin xiinxalamuudha >> jedha.
Yaada kana irraa kan hubatamuu malli qorannoo akkamtaa odeeffannoo bal’aa fi gadi fagoo
ta’e argachuuf mala filatamaa ta’uu isaati.
Qorattuun qorannoo kanaa odeeffannoo argachuuf akka madda ragaaletti kan kan itti
fayyadamte maddoota odeeffaannoo sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaati.Maddoonni
odeeffaannoo sadarkaa tokkooffaa waaqeffaattoota waa’ee jeekkarsaa bal’inaan beekaan irraa
odeeffannoo funaanuu yoo ta’u maddoonni sadarkaa lammafaa barreeffamoota kanaan dura
mata duree kana irratti barreeffamaan sakkattaa’uudha.
Qorannoon kun kan adeemsifame galma Waaqeffannaa Magaalaa Bishooftuu Hora Haarsadii
irratti.Qorattuun qorannoo kanaas filannoo iddattoo taasisteerti.Kunis waaqeffattoota hedduu
galma kanatti argaman keessaa namoota muraasa waa’ee jeekkarsaa beekumsa gahaa qabaan
jettee yaaddee filachuudhaan odeeffannoo funaanteerti.
Akka yaada kanaatt qorataan iddattoo kan filatuu carraadhaan osoo hin taane haala mijaata fi
odeeffannoo kennuu danda’u itti yaade ta’uu isaa mul’isa.
Addunyaa (2011:67) mala iddattoo miti carraa gosoota saditti qoodee ibsa,isaan kunninis
iddatteessuu akkayyoo (purposive sampling) iddatteessuu ammargee (convenient sampling) fi
iddatteessuu darbaa dabarsaa (is snow ball sampling) qoodeera.
Akkaa yaada kanaatti qorataan kaayyoo qorannichaa irratti hundaa’ee namoota odeeffannoo
isaaf kennuu danda’aan murtteessuu iaalata.Sababni isaas namoota dhimma kana irratti
muuxxannoo qabanifi umriin bilchaatan waan argamaniif isaan keessaa muraasa iddattoo al
carraatti fayyadamuun odeeffannoo funaanuf yaalameera.
Hirmaattota qorannoo kanaa keessatti manguddoota dhiira ja’a ,dubartoota irraa shan
dargaggoota fi shamarraan irraa walumaatti saddeet irraa odeeffannoon
funaanameera.Walumaa galatti namoota kudha sagal irraa odeeffannoon funaanameera.
Qorattuun kunis mala kanattii gargaaramudhaan namoota waa’ee jeekkarsaa gadi fageenyaan
beekan filachudhaan qorannoo kana gaggeessite jirti.
3.3.1 Af gaaffii
Af gaaffiin meeshalee ragaan ittin funaanamu keessaa tokko. Meeshaa kana Dastaa (2004:84)
yoo ibsu, << gaaffiin afaanii mala qorataaf odeeffannoo kennaan fuullee walitti argamuun
odeeffannoo waliif kennaniidha>> jedha
Yaada kana irraa kan hubannuu af gaaffiin mala qorataan namoota odeeffannoom kennaniif
bira deemuun odeeffannoo funaanatan ta’udha.Qorattuun qorannoo kanaas Galma
Waaqeffannaa Magaalaa Bishooftuu Hora Haarsaditti argamuudhaan waaqeffattoota waa’ee
jeekkarsaa gadi fageenyaan beekan filachuudhaan odeeffannoo funaantee jirti.
Daawwannanis meeshaalee odeeffannoon ittin funaanaman keessaa tokko ta’ee kan qorataan
qaaman bakka sanatti argamee ilaaluun odeeffannoo funaanudha.
Kanas Dassaaleenyi (2010:800) yoo ibsu<< observation is recording the behavioral patterns of
people,objects and events in a systematic manner data generated though observations
considered as strong validity because the researchers able to collect adapt of information about
particular behavior>> jedha.
Boqonnaa kana keessatti odeeffannoowwan hawaasa qorannoon kun irratti geggeffame irraa af
gaaffii fi daawwannaadhaan funaanaman bakka itti qaacceffamaniidha.
Akka yaada kanaatti amantiin waaqeffannaa kun maqaan isaa dhabbatadhaan kan ittiin
waamaan hin jiru. Amantiin duudhaa oromoo jedhama. Yookiin amantii haadha fi abbaa ofii
akkasumas dirree ofii jedhamuun kan beekamuu ta`uu isaa kan nu hubachisuudha.
Itti dabaluudhaan odeef kennan B, akka jedhuutti “moggaasni kun kan jalqabe erga
waaqeffannaan bifa haaraan deebi`ee ijaaramuu jalqabee hordoftoonni amantii duudhaa
oromoo jecha waaqa jedhu irraa waaqeffannaa kan jedhu moggaassu danda`aniiru”jedha.
Akka yaada kanaatti moggaasni waaqeffannaa jedhu kun yeroo dhiyoo keessa kan kenname
ta`uus akkaataan dhugeeffannoo fi kadhaa waaqaa akkasumaas gochoonni achi keessatti
raawwataman kan duudhaa kaleessaa abbootiin raawwachaa turaniin garaagarummaa hin
qabu.
Yaada olii kana irraa kan hubannu amantaan waaqeffannaa kan duudhaa kaleessaa ummanni
oromoo abbootii isaa irraa fudhatee hordofaa ture ta`uu moggaasni waaqeffannaa jedhu kan
yeroo dhiyoo keessa kennameef maqaa waaqa jedhu irraa waaqeffannaa kan jedhu
moggaafame.Amantaan waaqeffannaa waaqa tokkichatti amanuu, ayyaana duudhaa ofii
kabajuu fi ayyaana dirree ofiitiif kabajamuudha.
Akka odeefkennan D, jedhetti “jeekkarsaa jechuun waaqa jajuu, dinqisiifachuu, jabina waaqa
ibsuu, dandeetti, aangoo, beekumsaa fi tola waaqaa ibsuudha. Akkasumaas jeekkarsii kun kan
jeekkaramuu bifa faaruu waaqaa ta`een waaqa yoo faarsan haala naamusa seera fi safuu
waaqaa eeggateen waaqeffatoonni kan faarsaniidha” jedhee ibsa.
Yaaduma kana deeggaruun odeefkennaan E,akka jedhetti “jechi jeekkarsa jedhu jecha afaan
afaan biraatiin faaruu jedhuun tokko ta’e dandeettii fi gochoota waaqaa dinqisiifachuufi
raajeffachuudha.Guddina waaqaa ibsuuf jechi akka amantaa waaqeffannaatti hooda fi safuu
ta’e jeekkarsa kan jedhuudha.
Yaada olii kana irraa kan hubannu jeekkarsi faaruu waaqaa kan ittiin hojii waaqaa hunda kan
ittiin dinqisiifatanii, jajatan , galateeffataniifi ibsatan ta’uu isaa hubanna.Akkasumas,akka aadaa
oromootti faaruun waaqaa kun guddumaa waaqaa, dandeetii,jabina,raajii,kabaja waaqaa kan
ittiin ibsatan qabaachuu isaafi faaruu kanaan hojii uumaa waaqaa kan ittin calaqqisiisan
qabaachuu isaanii hubanna.
Jeekkarsi kan jeekkaramuu yeroo kadhaa waaqatiif ummanni malkaa fi tulluutti bahuu
akkasumaas,galma keessatti wal gahuufi yeroo ayyaana wadaajaa kabajaan jeekkarama.
Ittii dabaluudhaan akka odeefkennaan F, jedheetti jeekkarsi karaa deemaa osoo hin taane
iddoo tokko ta`aanii haala seera qabeessa ta`ee fi safuu naamusa waaqa eeggateen kan
jeekkaramuudha.Jeekkarsi kun yeroo waliin wal qabatee kan jeekkaramuu jiraachuu isaa nu
hubaachiisa”jedha.
Siifuu nagumaan bulle yaa leemmiyyoo siifuu nagumaan bullee yaa leemmiyyoo
Situu na uumee anuu siinan uumamee yaa siifuu nagumaan bullee yaa leemmiyyoo
Leemmiyyoo
Odaa gaaddisa koo yaa tolaa tuma koo siifuu nagumaan bullee yaa leemmiyyoo
Yaa leemmiyyoo
Akka yaada kanatti jeekkarsi kun kan jeekkaramu yeroo lafti bariitu bariitee lafaa
waaqeffatoonni nagaan buluu isaanii yeroo jeekkarsaan ibsaniidha. Kunis kan agarsiisuu
jeekkarsi kun nagaan bullee galanni sii haa gahuu tikaa fi jabinaa keettiin amma geenye kan
jedhuudha. “siifuu nagumaan bullee yaa leemmiyyoo” kan jedhu kun kan nagaan nu bulchee si
yaa gara laaffessa koo kan jedhuu of keessa qaba.”leemmiyyoo” kan jedhu kun garaa
laafummaa waaqaa ibsuu barbaadeeti (daawwannaa guraan dhala 22,2009 geggeeffame)
Siifuu Nagumaan oollee yaa leemmiyoo siifuu nagumaan oollee yaa leemmiyyoo
Jeekkarsi kun galgala jeekkarama. Yaanni kunis kan agarsiisu dandeettii fi jabina keetiin gufuu
malee bobbaanee tikfamnee har`a geenye kan jedhuudha. Waaqayyoo urjii kumaa tokkichi
waaman sumaa yeroo jedhan tokkicha taatee waan hundaa gochuu dandeessa waan ta`eef
baga nagaan nu oolchitee kan jedhu of keessaa qaba.(daawwannaa gurraandhala 22,2009 )
Akka odeefkennaan G, jedhetti “yeroo amma kana jeekkarsi galma waaqeffannaa godina
shawaa bahaa aanaa ada`aa magaalaa bishooftuu hora harsadii keessatti argamu keessatti
haalaan jeekkaramaa jira” jedhan.
Haalaan jeekkaramuu isaa kanaaf kunuunsi baay`ee barbaachisaadha. Haa ta`uu malee
jeekkarsi kun sababoota garagaraatiin laafaa fi dagatamaa dhufuu ni danda`a. fakkeenya af
Akka odeefkennaan G, jedhetti “isa kanaaf furmaanni hawaasni naannoo sana jiraatan
akkasumas muuxannoo namoonni sababa amantiilee biroo irraa kan ka`e namoonni gara
amantii ofiitti luucca`uun waa`ee jeekkarsaa irraanfataa deemu. Laafaa deemuun isaa kun
immoo dhaloonni haaraan dagataa akka deemu taasisa. amantii kanaa qabaniifii waajjirri aadaa
fi turiziimii aanichaa jeekkarsoota jiran bifa barreeffamaatiin ol kaa`uudhaan dhaloonni boodan
dhufu akka irraa baru gochuudha”
Yaa gurree leemmiyyoo waaqa nageelliyyoo yaa gurree leemmiyyoo waaqa nageelliyyoo
Yoo dhugaa qabanii waaqarraa hin dhabanii yoo dhugaa qabanii waaqarraa dhabanii
Urjii samii irraa gugsee nama dhugaati tumsee yaa gurree leemmiyyoo waaa nageelliyyoo
Yoo dhugaa qabanii waaqarraa hin dhabanii yoo dhugaa qabanii waaqarraa dhabanii
Ulee qallayyoo ceekaa yaa waaq si dhugaa beeka yaa gurree leemmiyyoo waaqa nageelliyyoo
Yoo dhugaa qabananii waaqarraa dhabani I yoo dhugaa qabanii waaqarraa dhabanii
Akka jeekkarsi ibsutti dhugaan yeroo kamiyyuu kan hin injifatamnee ta`uu, waaqni yeroo
hundaa dhugaa bira kan dhaabbatuu fi wanti waaqni dhugaa caalchisuu homtuu akka hin
jirreedha.
Urjii samiirraa gugsee nama dhugaati tumse kan jedhu waaqni nama dhugaa qabu kan gargaaru
fi garee nama dhugaa kan goru ta`uu isaa jeekkarsa kanarraa hubachuun ni
danda`ama(daawwaannaa guraan dhala 22,2009 geggeeffame)
Yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo
Eenyuu ree yaa waaq beeka simalee miyyoo eenyuuree yaa waaq beekan simalee
ceekaan baalumaa laali beekan waaqumaa yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo eenyuree
ceekaa falaxee beekaa faradee eenyuree yaa gurree hoo hoo leemmiyoo eenyuuree
hootuu hin faalanii sirraa hin caalanii eenyuree yaa gurree hoo hoo leemmiyyoo eenyuuree
fardi kan yaabbatanii waaq kan yaammatanii yaa gurree hoo hoo leemmiyyoo eenyuuree
akka jeekkarsa kanaatti eenyumtuu waaqaa olitti beekumsa kan hin qabne fi iccitiin kamiyyuu
lafa kanarrattiyoo dalagamee waaqa jalaa kan hin bane fi hin dhokanne ta`uu isaa mul`isa.
Waaqa jechuun kan beekumsaan ardii fi samii kana bulchuu danda`u ta`uu isaa kan
agarsiisuudha. (daawwannaa guraan dhala 15,2009 taasifame irraa hubachuun danda`ameera).
siyaamee siyaamee siyaamee yaa jabaa aangoo siyaamee siyaamee siyaamee yaa jabaa aangoo
Waaqa malee namni eessaa qabaa waaqa malee namni eessaa qabaa
Jabo jaboon amalaa jaboon si malee hin jiru siyaamee siyaamee siyaamee yaa jabaa aangoo
Siyaamee siyaamee siyaamee yaa jabaa waaqa malee namni eessaa qabaa
Jajjabee haamee yaa jabaa siyaamee siyaamee siyaamee siyaamee siyaamee yaa jabaa
Yaa jabaa aangoo waaqa malee namni eessaa qaba aangoo waaqa malee namni eessaa qaba
Siyaamee siyaamee siyaamee yaa jabaa aangoo siyaamee siyaamee siyaamee yaa jabaa
Waaqa malee namni eessaa qaba aangoo waaqa malee namni eessaa qaba
Jeekkarsi kun kan agarsiisu jabaan kamiyyuu kan waaqa caalu fi aangoo waaqaa olii qabu akka
hin jirre mul`isa. Jabeenyi namaa daangaa qaba kan waaqa garuu daangaa hin qabu”aangoo
waaqa malee namni eessaa qaba” kan jedhu aangoon namaa xiqqoo aangoo waaqatiin walitti
hin madaalamneta`uu isaa agarsiisa(daawwannaa guraandhala 15,2009 geggeeffameen
hubachuun danda`ameera)
Oollee gallaa yaa waaqa hee hee yaa waaqa siin ollee galla
Waaqaan oollee gallaa yaa waaqa hee hee yaa waaqa siin oollee galla
Waaqaan oollee gallaa yaa waaqa hee hee yaa waaqa siin oollee galla
Waaqan oollee galla yaa waaqa hee hee yaa waaqa siin oollee galla
Waaqan oollee galla yaa waaqa hee hee yaa waaqa siin oollee galla
Yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo yaa gurreehoo hoo yaa leemmiyyoo
Eenyuree Yaa waaqa kan sirra jiru eenyuree yaa waaqa kan sirra jiru
Tokkichaa jedhee hin dhiisuu kuma jedhee hin yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo
sodaatuu eenyuree yaa waaq kan sirra jiru eenyuree yaa waaq kan sirra jiru
Kan urjii kumaa waaq kan yaamaan sumaa eenyuree yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo eenyuree
Yaa waaqa kan sirra jiru yaa waaqa kan sirra jiru
Yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo yaa gurree hoo hoo yaa leemmiyyoo
Eenyuree yaaWaaq kan sirra jirueenyuree yaa waaq kan sirra jiru
Hooyyoyyoo biyya too biyyoon nagayaa hooyyoyyoo biyya too biyyoon nagayaa
Akka daawwannaa guraadhala 22,2009 geggeeffame irraa hubannutti jeekkarsi kun kan
agarsiisu waaqa malee nageenyi akka hin jirrefi waa hundumaa kan gochuu danda’u waaqa
qofa akka ta’eedha. Kana malees waaqni abbaa nageenya biyyaa,kan namaafi uumama maraa
akka ta’es nu hubachiisa waaqni uumaa hundumaaf akka tokkotti ilaalee,too’atee nagaa fayyaa
ta’uu isaa kan beeku abbaa nageenya maraati.
Yaa waaq hee hee yaa waaq imaanata kee yaa waaq hee hee yaa waaq imaanata kee
Qabnee waaq imaanata kee yaa waaq hee hee yaa waaq imaanata kee
Waaq imaanata kee yaa waaq hee hee yaa waaq imaanata kee
Caccabsee bittiin godhee fayyisee gixxim
Godhee waaq imaanata kee yaa waaq hee hee yaa waaq imaanata kee
Waaq imaanata kee yaa waaq hee hee yaa waaq imaanata kee
Yaa waaq imaanata kee yaa waaq hee hee yaa waaq imaanata kee
Imaanaa dhala hin qabne tola sissinni hin qabne kan jedhuu kun waaqni akka namaa waa siif
kenne dhala isaa kan nama gaafatuu osoo hin taane,har`a siif tolee boru kan sitti hin
sissinnoofne,kan hin jijjiiramne har`a kee ta`ee boru kan siin ganne utubaa waa hundaa akka
ta`ee nu hubachiisa.
BOQQONNAA SHAN
5.1 Cuunfaa
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa karaa galata waaqaa ittiin ibsatan keessa tokko kan ta`e
qabiyyee jeekkarsa qaaccessudha. Qorannoo kana keessatti odeeffannoowwan afgaaffiifi
daawwannaadhaan walitti qabaman qaacceffamaniiru. Haala kanaan jeekkarsi faaruu waaqaa
kan hojii yookiin raawwii waaqaa ittiin ajaa`ibsiifataniifi beekumsa, aangoo,
jabina,tika,olaantummaa fi dhugummaa waaqaa ittiin ibsataniidha.
Akkasumaas, jeekkarsi kan jeekkaramu yeroo kadhaa waaqaatiif malkaa tulluutti bahan , yeroo
ayyaana wadaaja fi galma keessatti haala ifaa ta`een jeekkarama. Kana malees iddoo fi yeroon
jeekkarsa, qabiyyeen jeekkarsa fi sababoonni laafaa dhufuu fi furmaanni jeekkarsa
waaqeffannaa bal`inaan qaacceffamaniiru kana malees jeekkarsi yeroo waliin wal qabatee
jeekkaramu, jeekkarsi dhugaa mul`isu, kan jabinaa fi beekumsa waaqaa mul`isuu fi jeekkarsi
tika, tola, nageenya waaqaa mul`isuufi imaana waaqaa mul`isuu bal`inaan qaacceffameera.
5.2 Argannoo
Walumaagalatti qorattuun qorannoo kanaa dhumarratti argannoo armaan gadii irra geessee
jirti.
5.3 Yaboo
Jeekkarsi karaa ittiin safuu fi naamusa hawaasa waaqeffataa eeganiidha. Jeekkarsi kun yeroo
ammaa kana galma waaqeffannaa godina shawaa bahaa aanaa ada`aa magaala bishooftuu hora
harsadiitti argamu keessatti bal`inaan kan jeekkaramu ta`us bifa barreeffamatiin kaa`amee hin
jiru. Kanaaf waaqeffatoonni fi hawaasni magaala bishooftuu hora harsadiitti argamaan
akkasumaas, waajjirri aadaa fi turiziimii aanaa ada`aa jeekkarsa kana waraabbii fi
barreeffamaan qopheessanii kaa`uu qabu.
Wabiiwwan
Dirribii Damusee (2012).Ilaalcha Oromoo Barroo Aadaa Seenaa fi Amantaa Oromoo; Finfinnee
Nagarii Leencoo (1993). Wiirtuu Jildii 6ffaa : Biiroo Aadaaf Turiiziimii Oromoyaa
YUNIVARSIITII DIILLAA
Afgaaffii
Afgaaffin kun waaqeffattoota Galma waaqeffannaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aa
Magaalaa Bishooftuu Hora Harsadiitiif dhiyaate.namoonni gaafiin kuni isaanif dhiyaate deebii
barbaachisaa ta’e akka naaf kennitan kabajaan isin gaafadha.
Maqaa --------------------------------------
Umrii----------------------------------------
Saala---------------------------------------
Teessoo ------------------------------------