Professional Documents
Culture Documents
BELALABDELLA keriya
Bediriya
abdella
Yadetabdella yoyoAbdella
K e l i d ab
de
Boqonnaa Tokko
1 seensa
1.1 Seenduubee Qoranichaa
Afaan meeshaa waliigaltee ilma namaati.ilmi namaa bineensotaan adda bahee kan beekkamu
afaan dubbii kan qabaachuun ittiin waliigaluu danda’uu isaatiin.afaan ilma namaa wajjiin
hidhata guddaa kan qabuuf kan guyyaa guayyaan ittiin walii gaalani dha.haata’uumalee wanti
ittin walii galan martuu afaan jechuun hin danad’am.
Maalummaa afaanii ilaalcisee beektonni xiinqooqa hedduu isaanii yaada kan kayan yommuu
ta’an, isaan keessa hayyuun Finch (2005:89)akka ibsetti”,language has ideational function
which emphasises it has as instrument of thought and has texual functionwhich emphasises as
instrument of communication.”jechuun ibsa akka yaada kan irraa hubatamuu
dand’amutti,afaan yaada sammuu keenya keessa jiru ittin ibsachuufi akka meeshaa
walqunnamtiii tokkotti kan dhalli namaa itti fayyadamu taa’uu isaa kan ibsu dha.gama
birootiin Seenaa Abbashuu(2009:1) keessatti hiikka afaanii ilaalchisee kitaab isaa keessatti
haala armaan gadiin kayeera.kunisi
Afaan eenyummaa saba tokkoo daraan kan calaqsiisu dha sabni tokko saba biraattin adda
bahee kan beekkamu afaan dubbattuni dha.kanaaf afaan akka mallattoo hawaasaa tokkotti
fudhachuun ni danda’ama.kanaaf yoo aadaan saba tokko yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufe
,afaan isaas walumaan dagaaggaa dhuafa jechuu dha.
Gama birootiin Adunyaa barkeessaa(2010) xiinqooqa ilaalchisee kitaaba isaa keessatti haala
armaan gadiitin ibseera.
Xiinqooqni afaanii saayinsii afaanii kan qo’atu yommuu ta’u,dame xiinqooqaa keessaa
xiinqooqni hawaasummaa haala afaan hawaasaa tokko kan qo’atu dha.xiinqooqni
hawaasummaa qorannoo isaa kan adeemsisu garaagarummaa afaanii afaan tokko
keessatti argamu danda’u garuu hawaasa saniif hiika qabaachuu kan danda’an irratti
xiyyeeffta.afaanonni garaa garaa garee hawaasaa tokko keessatti ittin gargaaraman
looga(loqoda)jedhamu.
Loogni ykn loqodni afaanii addaadumma afaanii hawaasa tokko yookiin hawaasa adda addaa
jiddutti gama haasawa saglee dubbii,jechaa , himaaf caasaa afaanii keessatti mul’tu yoo ta’u
addaadummaa kun akkaataa baayi,na isaatiin iddoo tokkoo gara iddoo birotttti
garaaagarummaaa kan qabu dha. kunis akkaatauma qubsuma ummataa irratti kan huunda’u
dha.
Akka qabsiisa jildii koorsii xiin loogaaf waaltina afaanii adunysooriitiin(2009 )dhiyaateti:-
“Saayinsiin loogni ittiin qoratamu xiinlooga jedhama.xiinloogni immoo damee xiinqooqa
hawaasummaa ta,ee haalota garaagarummaa afaan tokko keessatti argaman kan qo’atu
dha.”
Mata dureen qorqnnoo kanasi looga yookiin loqada oromoo Arsiif Baalee keessatti mul’atu
sakata’uun qaaccessuu yommuu ta’u,looga hawaasummattin yookiin afaan hawasaatiin
daraan kan walqabatu dha.
Qubsumni ilma namaa haala jiruuf jireenya isaa irratti hundaa ‘ee ,yeroo gara yerootti iddoo
tokkoo gara iddoo birotti babal’achaa,jijjiramaa kan deemu yommuu ta’u, haalli akkana kun
immoo afaan irratti garaagarummaa uumuu danda’a.garaagarumma afaan jidutti gama
sagajeef jechaatiin kan mul’atu yommuu ta’u,inni kunsi looga yookin loqoda jedhamuun
beekkama.loqdni afaan keessatti mul’atu kun akkuma faayidaa qabu adeemsa waqunnamtii
keessatti dhiibbaa mataa ofii niqaba.iddoon mtadureen qorannoo kun itti gageeffamu godina
Baaleef Arsii jiddutti kan gaggeeffamu yoo ta’u, hawaasa Godina kanneen jidduutti loqodni
garaa garaa waan mul’atuuf haalli kun darbee darbee hawaasa lamaa jiddutti gama
walqunnamtii afaanii irratti dhiibaa waan qabuuf akkamitti afaan kun waalta’uu akka
danda’umu iirratti qorannoo kanaan keesaatti ilaaluu barbaade.gama birootiin hanga ammattii
qorannoona mata duree kanaan walqbate waan hin argineef qorqnnoon kun immoo akka
madda raga tokkotti taa’uu ni danda’a jedhee waan yaadeef dha.Qorannoon kun yommuu
xumuramutti gaafilee armaan gadiitiif deebii ni keenna jedhamee yaadama. kunisi:-
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa looga yookiin loqoda Godina Baleef Arsii jiddutti mul’atu
xiinxalluun qaaccessuu ta’a.
5Gosoota looga ykn loqoda Arsiif Balee gama jechaa,sagalee fi himaatiin mul’atu tarreessuu.
Qoranaattoonni gara ufi afoo mataduree kanaan walfakkatu irratti yommuu qorannoo
gaggeessan isa kana akka madda raagatti fudhachuu danda’an
Qaamota afaan kana waaltessaniif akka galtee tokkotti garagaaruu danda’a.
Hubannoo hawaasni gama loogaatiin qabu akka foyyeffatu taasisa.
Guddina afaan oromootiin gumaacha mataa ufii kennuu danda’a
Dhalootni yookiin barattoon sadarkaa gara garaa looga ilaalchisee waa irra hubachuu
danda’n.
Ulaagaa digrii jalqabaa guutachuuf gargaara.
Qorannoon kun looga yookiin loqoda GodinaBaaleef Arsii jiddutti mul’atu irratti xiyyeeffata.
Adeemsa qorannoo kana raawwadhu keessatti jalqabaa kaasee hanga xumuratti guufuun
yookiin rakkoon nahin mudanne jechuun hindanda’mu.haaxiqqaatuu haaguddatuu rakkooleen
tokkoo tokko namudataniiru.rakkoleen kunninis:-namoota odeeffannoon irraa funaanamu
haala barbaadameen argachuu dhabuu,kitaabilee mataduree kanneeniin walqabatan gahaa
dhabuun akkasumasi hanqini baajataa akka rakkotti namudataniiru.haata’uu malee rakkoolee
kanneeeniif osoo duubatti hindeebin hamma danda’amitti rakkoolee kanniin fala dhahuun fkf
bakka kitaaba bitachuu hindanddeenyetti ergifachuun,bakka baajanni hanqatetti
liqeeffachuun,bakka odeef kennitoota gahaan dhabametti namoota dhimmicha irratti
muuxannoo qaban barbaaduun kan odeeffannoo irraa fuunane yoommuu ta,u bakka malli
harkaa nabadetti namoota muuxannoo qabaniin gorfamuun qorannoo kana galmaan gahuun
danda’ameera.
BOQONNAA LAMA
2. SAKATTA’A OG-BARRUU
Daangaan afaaniifi qo’annoon afaanii baay’ee bal’aa ta’uuraa kan ka’e hiikni afaaniif
kenname adda adda. Akka waliigalaatti afaan mala wal qunnamtii ilm namaa ta’ee, kan ilmi
namaa erga dhalateen booda hawaasa keessatti guddaturraa baratu akka ta’e hayyoonni irratti
walii galu. Kana jechuun afaan kan ilma namaa qofa yoo ta’u, ilmi namaa ittiin walii galuuf,
yaadasaa ittiin ibsachuuf malli itti fayyadamu afaani.
Addunyaa Barkeessaa hayyuu afaanii (Fish Man 1968) wabeeffachuun kitaabasaa keessatti
hiika afaanii ilaalchisee haala armaan gadiitiin kaayeera.”Afaan kan dhalli namaa sagalee
dubbii walitti qindeessuun ittiin walii galu waan ta’eef meeshaa wal qunnamtiiti,” jedhu.
akkaa yaada armaan olii irraa hubatamuu danda’ametti afaan kan dhala namaa qofaa ta’uu
isaatiif sagalee dubbiitiin ittiin waliigalan waan ta’eef akka meeshaa walii galtee tokkoti kan
fayyadu dha.
Maalummaa hiika afaanii ilaalchisee hayyoonni afaanii hiikota garagaraa kaayanis irra
caalaan isaanii yaada walitti dhiyaatu qabu.kunisi afaan kan ilmi namaa qoftti karaa seera
qabeessatiin ittiin walii galani dha.
Hayyuun inni biroo Seenaa Abbashuu jedhamu kitaabasaa keessatti hiika afaanii ilaalchisee
bifa armaan gadiitiin kaayeera.”Hiika afaanii hayyoonni bakka gurguddoo saditti walitti
qabuu yaalaniiru.Isaanis:-
“A. Afaan ni dhalata; ni guddata; ni du’a. Afaan ni dhalata wayta jedhamu maatii
afaanii gurguddaarraa fottoqee tajaajila yoo kenneedha.Haaluma kanaan afaan tokko ni
guddata kan jedhamu afaanichi sun afaan hojii yoo ta’e qofaadha. Afaan tokko du’e
kanjedhamu dubbataan afaan sanii yoo dhabamedha. Kunis sababa godaansaa,waraanaafi
siyaasaa k.k.f ta’uu danda’a.
B.Afaan akka feeteedha.Amala afaanii keessaa inni biro akka feetee yoo ta’u, kunis afaan
tokko itti yaadamee osoo hin ta’in akka tasaa uumamuu danda’a.Fakkeenyaaf moggaasa
maqaalee garagaraa ta’uu danda’a.
D Afaan kamiiyyuu wal qixa.Dubbataan ittiim walii galuu yoo danda’e afaanichi afaan
kamiiyyuu walqixa.
G.Afaan ni baratama. Afaan dhiigaan kan daddarbu osoo hin taane naannooraa
baratama.Fakkeenyaaf mucaan Oromoo tokko gara biyya Ingilaandi deemee osoo achitti
guddatee afaan Ingiliizii barata.
H.Afaan amala namummaa qofa. Afaan kan ilmi namaa qofti ittiin waliigaluudha.(Seenaa
2009:1-7)
Amaloota afaanii ilaalchisee barreessaan inni biroo tokko haala armaan gadiitiin kaayeera:-
Afaan ni baratama.
Afaan kamuu seera mataasaa qaba.
Afaan kamuu saba afaanicha dubbatu biratti ergaa wal qixa dabarsa.
Afaan walirraa ergifama.
Afaan mallattoo saba tokkooti.
Afaan dhalachuu, guddachuufi du’uu ni danda’a.(Geetaachoo 2011)
Akkuma uummanni oromoo aadaaf seenaa mataa ofii qabu afaan oromoollee seenaa mataa
isaa kan qabu dha.haaluma kanaan akkaata yaada kitaaba barnootaa tokko irraa argametti
afaan seenaa armaan gadii kana qaba
Afaan Oromoo akkuma afaanota biroo seenaa mataa ofii ni qaba. Afaanichi damee afaanota
Kuushirraa maddan waliin kan ramadamuudha. Afaanonni Kuush Jiddu galeessa, Kibbaafi
Baha Itoophiyaa keessatti bal’inaan dubbatama. Naannolee Affaar, Oromiyaafi Sumaalee
keessatti bal’inaan dubbatama.(Biiroo Barnoota Oromiyaa kitaaba barataa kutaa 7ffaa 1999)
Kitaabni galmee Afaan Oromoo tokko (Gragg 1976) wabeeffachuun seenaa Afaan Oromoo
haala armaan gadiitiin kaayeera. Kunis
Seenaa Afaan Oromoo ilaalchisee hayyuun Oromoo inni biro Geetaachoo Rabbirraa kitaaba
garagaraa wabeeffachuun kitaabasaa keessatti haala armaan gadiitiin kaayeera.
“ Afaan Oromoo sanyii afaanota Kuushawaa Bahaa afurtama ta’an keessaa isa
bal’aadha. Itoophiyaa keessatti Afaan Konsoo waliin hedduu walitti
dhiyaachuurraayyuu jechoonni isaanii gamisaan/walakkaan qixxetti
fayyadamu.Akkasumas afaan Sumaaletti dhiyeenya hedduu yoo qabaatu afaanota
Saahoofi Affaarirraa immoo hedduu fageenya qaba. Afaanota kuma tokkoo Afrikaa
keessatti dubbataman keessaa isaan shanan bal’inaan dubbataman keessaa Afaan
Oromoo isa tokko. Afaanota hundeensaanii Afrikaa ta’an keessaa ammo baay’inna
namoota dubbataniitiin afaanichi sadarkaa lammaffaa akka ta’u
tilmaamama”.(Geetaachoo 2011)
“ Afaan Oromoo afaanota maatii Kuush keessaa isa tokko.Afaan kun ardii Afrikaatti
afaan bal’inaan dubbatamu keessaa afaan Arabaafi afaan Hawusaatti aanee
argama.Sabni afaan kana dubbatu biyya Itoophiyaafi biyya Keeniyaatti argama.
Oromoonni Sumaalee keessattis faffaca’anii akka jiraatan beekkameera. Teessumni
saba kanaa Dhiyaa hanga Baha Itoophiyaatti akkasumas Kaaba Itoophiyaa hamma
Kibba Keeniyaati”.(Wirtuu Qo’annoofi Qorannoo Afaanota Itoophiyaa 1999)
Addaaddumman afaanii afaan gosa tokkoofi gasa addaddaa biratti gama sagaleetiin,gama
jechaafi himaatiin mudhachuu danda’a. Hayyuun xiinqooqa tokko addaaddummaa ilaalchisee
yaada armaan gadii kaayeera.
Akka yaada hayyuu armaa olii irraa hubachuun danda’ametti addaaddummaan afaanii karaa
lamatti qoodee ilaala.Kunis addaaddummaa afaanii waalta’aafi hin waaltofnedha.
Addaaddummaan afaanii waalta’aan afaan barnootaafi afaan namoonni barataniin
dubbatamuufi dhaaba tokkoon beekkamtiin kennameefi dha.Addaaddummaan afaanota
birootiin wal biratti yoo ilaallamu akka afaan sirii tokkootti kan fudhatamuudha.
Addaaddummaan afaan hin waaltofnee immoo kan addaaddummaan afaanii isa darbe ibsuuf
gareen xiinqooqaa akkuma jirutti itti tajaajilamuuf dogoggora darbe ittiin
ibsaniidha.Addaaddummaan kun immoo seer-luga afaaniifi haala sagalee dubbii afaan
waalta’e tokko kan hin eegneedha.
Hayyuun xiinqooqaa inni biro addaaddummaa afaanii ilaalchisee kitaaba isaa keessatti yaada
armaan gadii kaayeera.
“Language varity is specific set of linguistic items or human speech pattern ‘( presummbly
sound , words, grammatical features, etc) which we can connect some external fuctors
apparently, a geographical aria or a social group.(Hundson.1996)
Yaanni armaan olii kan nu hubachiisus addaaddummaan afaanii garee murtaa’oo xiinloogaa
yookiin addaaddummaa haasawa namootaa gama sagaleetiin, jechaa, seer-lugaatiifi k.k.f. kan
mudhatu ta’ee, kan nuti rakkoolee muraasa mudhataniif haala teessuma lafaatiin akkasumas
garee hawaasaatiin wal qabsiifnu jechuun ibsa.
The dialect can also be used to describe diffirences in speech associated with various
social group or classes .an immediate problem is that of deffining social group or
social classes ,of giving the proper weight to the various factor that can be used to
determine social position .factor such as occupations ,place of
residence,educations’new’ verses’old’ ‘,money,in come, racial or ethinic origin,
cultural background,religion and soon. Such factors as this do appear to the related
fairly directly to how people speak.”(Wardaugh 1986:46)
Karaa biraatiin kitaabni galmee jechoota Afaan Oromoo Wirtuu Qo’annoofi Qorannoo
afaanota Itoophiyaa Kabbadaa(1990) wabeeffachuudhaan loogota Afaan Oromoo bakka
afuritti akka hiramu ibsameera. Qoqqoodamiinsi kunis kan armaan gadiiti.
3.Loqoda Kaaba Baha Oromiyaa( North Eastern Dialect):- Kun loqodoota naannoo
Arsii,Baalee Harargee Bahaafi Wollo keessatti argamaniidha.
4.Loqoda Kibbaa ( Southern Dialect ):- Kun immoo loqoda Oromoo Keeniyaa gara
moggaa gadiitti isa” Waata” jedhamuun beekamu.
BOQONNAA SADI
Meshaaleen funaansa raga karaa ittiin odeeffannoo ittiin argannu yommuu ta’u mata duree
qorannoo kanaf mijataa dha jedhamee kan amaname meeshaaleen funaansa raga ijoon
Afgaafii marii garee fi daawwannaa dha.
3.4.1 Af gaafii
Meeshaaleen funaansa raga qorannoo kanaaf filatame keessaa afgaafiin isa tokko yommuu
ta’u kunis namoota yookiin odeefkennitoota bira deemuun gaafilee dhimmichaan yookiin
mata dureen walqabatani itti karoorfachuun gafachuuf kan nama gargaaru dha.afgaafiin
namoota hinbaraneef baratanis qixa waan hirmaachisuuf odeeffannoo funaanuuf hedduu
filatamaa dha.
yaaduma kana ilaalhisee Dastaan bara (2002)”afgaafiin karaa odeeffannoo ittiin sassaaban
ta’ee,kan qorataaf odeefkennaan fuulaaf fuulatti walarguun odeeffannoo waliif kennani
dha.”jechuun ibsa.
Tooftaalee odeeffannoo ittiin sassaban keessaa inni biro marii garee yoo ta’u,mariin garee
namoota mata duree qorannoo irratti hubannoo niqabu jedhamanii dursanii karoofaman garee
garretti addaan qoqqoduun gaafilee mariif qophaa’e gaafachuun kan odeeffannoo ittiin
funaannu dha.Yaada marii garee kana ilaalchisee Morgan(1988:9)akka ibsetti,” focuse group
is aform of interview we tought not in sense of back words between interviewer and groups
rather the reliance on the intraction with the interaction with the groupwho discuss the by the
researchers”.jedha.Kana jechuun mariin garee mata duree murtaa’aa odeeffannoo argachuuf
jechaqorataan hirmaattota mariisisuun ofiisi keessatti hirmaachuun kan kallattii qajeelchu
dha.
3.3.3 Daawwannaa
Daawwannaan karaalee odeeffannoo ittii sassabamu keessa tokko yommuu ta’u kan
qoraataan qamaan yeroo dhimmichi rrwwatu bira deemuun ittiin ilaalu dha.yaaduma
kana ilaalchisee( Sarantakosi 2009) “observation is the method of data collection that
implies vision as the only technique of data collection” jechuun ibsa.akka yaada kana
irraa hubachuun danda’amutti daawwannan tooftaa ilaaluun qofa odeeffannoon ittiin
funaannamu dha.qorannoo kanaafis gosoota daawwnna jiran kallattif alkallattii keessaa
daawwanna kallattiin kan filame yoo ta’u sababni isaas yeroo namoonn haasawan
biratti argamuun daawwchuuf waan gargaaruuf dha.
Qoraataan yommuu qorannoo kan gageeessuu seenduubee qoranichaa haala bal’ina qabuun
erga ibseen booda kaayyoo gooroof gooree bifa ifa ta’een kaa’eera.itti aaansuun qorannoo
kana gaggessuuf maaltu akka isa kakaase erga ibseen booda,boqonnaa lama keessatti
kitaabileef barruulee garaa garaa mata durichaan walqabatani erga sakata’een booda
qacceseera.itti aansuun meeshaalee fuunaasa raga kanneen akka afgaafii,marii gareetti
akkasumasi daawwantti fayyadaamuun odeeffannoon erga funaanameen booda boqonnaa
afur keessatti qaccee\ffamaniiru.
Boqonnaa Afur
Loqoda addaaduummaa afaan tokko keessatti gama sagaleetiin, gama jechaa fi himaatiin
uumamadha.waa’ee loqodaa ilaalchise odeef keennaa afgaafii irraa akka argametti:-
Looga yookiin loqoda jechuun garaagarummaa afaan dubbii tokko keessati mul’atu
dha.loqnni kunisi kan mul’atu yommuu namoonni haala teessuma lafaatiin adda
fagaatan lamaa wajjiindubbatan addadummaan gama sagaleetiin, jechaa fi sagaleen
mul’atu jechuu dha.loqodni gama sagaleetiin mul’atu sagalee qofaa irratti
hundaa’uun hasawa gama namoota lamaan wajjiin dubatan biratti dubbii isaanii
irratti hanga tokko garaagarummaa kan muli’su dha.haata’uu malee namoonn lamaan
kanneen jiddutti rakkoo walhubachuu dhabuu hin jiraatu.fakkeenyaaf arsiin dubbii
isaanii keesatti “asi koottu” yoojedhe warri baalee immoo jechuma kana”askooytu”
jechuun sagaleessu.haalli akkanaa kun loqoda gama sagaleetiin dhufu waan ta’eef
hangasi mara wal wajjiin dubbii irratti dhiibbaan inni fidu hin jiraatu jechuu dha(
odeef kennaa “A’’caamsaa 2009)
Akka yaada armaan olii irraa hubatamuu danda’ameetti,looga yookiin loqoda jechuun
garaagarummaa dubbii namota jiddutti mul’atu yoo ta’u garaagarummaan kun gama
sagaleetii fi himaa akkasumasi jechaatiin kan mul’atu dha.loqodni gama sagaleetiin mul’atu
jecha irratti dhiibbaa guddaa waan hin finneef walhubattuu namamoota irratti dhiibbaa fiduu
hindanda’u.hata’uu malee gama jechaatiif gama himaa jidutti garaagarummaan mul’atu
hariiroo waliin dubbii irrattis dhiibbaa kan fiduu danda’u dha.
Oroomonni osoo akka yeroo ammaa kana lafa hinbabal’ifatiin dura naannoo tokkotti
haala walitti dhiiyatuun jiraataa akka ture seenaan ni addeessa.kunisi kanta’eef
hundeen oromoo tokko waan taateef dha.oromoonni kunniin yeroo durii sana loqodni
akka jiddutti hinmul’anne ni dubatama.haata’uu malee gormuun ummata kanneenii
adaduma gudachaa dhufeen qubsumni isaanisi adda fagaachaa dhufeera.yeroo ammaa
kana ummanni kunniin akkuma argamaa jirutti haala qbannaa isaanii kallatti
shananiinuu jechuun,karaa bahaa,dhiihaa’kaabaa’ kibbaa fi jiddu galessattn isaan
kuun kaawwan irraa fagaatani jiraatu.haalli akkanaa kun haala duudhaa,loqodaaf
waan addatiin garaa garummaan ni mul’ata.haaluma walfakkaatuun hawaasn godina
baaleef arsii haala qubsuma lafaatiin wal haa dangessanii maleeteessumni lafa isaanii
daraan bal’aa waan ta’eef duudhaan isaaniti adaan isaan lachuu qabani garaa gara
ta’anii mul’atu.garaa garuummaan kunisi gama afaan dubbii isaanii jiddutti
mul’ataniiru.addaadummaa afaan isaanii jiddutti mulatu kun immoo loqoda jedhamuu
beekama.hariiroon hawwasummaa fageenya lafaa irraa kan ka’e loogonni akanaa
kunninn uumamuu danda’amaniiru.(odeef kennitota A,C,E,G,I,K caamsaa 2009)
Yaanni armaan olii kunisi uumamuu loqoda ilaalchisee loqonni uumamuu kan danda’u haala
teessuma lafaa irraa akka ta’e lafa kaaya.kumisi akkuma teesumni lafa oromiyaa kallatti
maraan adda fagaatu teessumn hawaasa baleetiif kan arsiis hedduu addaan fagaataa dha.halli
addaan fagaatuu kun immoo hariiroo hawaasa kana addaan faggeessun aadaa dbbii isaanii
hanga tokko jijjiruun loqonni akka uumamuuf sababa mataa isaanii ta’eera.
Karaa biraatii akkataa uumama loqodaa ilaalchisee odeefkennaan afgaafii tokko haala armaan
gadiitiin yaada isaa ibseera.
Akka yaada armaan olii irraa hubatamutti,loqonni tasuma kan afaanuma lamaan jiddutti
uumamu osoo hin taane haalli daangaa saboota yookiin hawaasa biroo wajjiin mul’atu
uumamuu loqodatiif dursee karaa kan saaqu dha. hawaasni kamuu akkaataa waldaagaeessuun
jechoota tokko tokko wali irraa ergifachuun isaa beekamaa dha.haalli akkanaa kun immoo
yoobaaya’ate jijjirama afanii irratti garaa garummaa fiduu akka danda’u dha.haluma kanaan
godinni baalee fi arssiinis looga hawaasa isaan daangessan irraa fudhachuun ufii isaniinitiin
yoo walitti haasawa jidduu isaanitti loqodni akka uumamu taasiseera.
Loqonni gama dubbii afaanii irratti mula’atu hawaaasa lamaan jidduttisadarkaan dhiibba isaa
xiqqatusi hanga tokko hariiroo hawaasaa jiddutti rakkoon tokko tokko ni mul’ata.akka raga
odeef kinnitoota marii garee irraa argameetti:-
Ummanni baaleef arsii ummata hundee isaanii tokko ta’ni yoo ta’n haala teessuma
lafaatiin adda fagaachuun isaanii immoo afaan isaanii jiddutt loqanni garaa garaa
gama sagaleetiin,jechaatii fi hima keessattis uumamuu danda’eera.uumamni loqodaa
kunniin immoo hariiroo gama walqunnamtii afaani isaanii irratti dhiibba fiddaa
tureera ammasi darbee darbee hasawa gufachiisuun isaa hin oolle. dhiibbaa kun
fakkeenyaaf yeroo hawasni kunniin haasawa garaa garaa sirna adda adda irratti
wallin dubbattu jechoonn tokko dubbachuuf heedduu kan nama qaanessan ta’nii
mulatu.fakeenyaf:-jechoon baalee kannen akka bashoo,muuxxee,sorfe,dhalte jedhu
kunnin arsii biratti jechoota qaanii waan ta’anii fi hawaasni jechoota akkana yoo
dhagahani hedduu kan qaana’ani dha kun immoo harii isaanii jiddutti garaagarumma
kan uumu dha.kana malesi hawaasni kunnin ufitti amanee waliin dubbachuu irratti
hedduu kan rakkatu dha .yeroo haasawu maal dubbadhina, maaltu namudata jechuun
haasawa isaa keessatti hedduu kan dhiphatu dha.(odeef kennitoota
B,D,E,G,J,Lcaamsaa 2009)
Akka yaada armaan olii irraa hubatamuu danda’amutti loqodni hariroo hawasa lachuu biratti
dhiibbaa akka qabu dha.dhiibban kunis gama dubbiitiin yoo ta’u kunisi hawaasni gara
laachiituu yeroo walwajjiin haasawa gaggeessan ufitti amanamumman hin
dubbatan.sababbiin kun ta’eefis tarii yoon haasawu jechoota nama qaanesuu,nama
mufachiisu haasawuu danda’a jechuun shakkiin kan guutamu dha.jechoon garee hawasaa
jidutti haaswamu tokko tokko kani nama qaanisani dha.fakkenyaaf Arsii biratti jechi qaranaa
jedhu qaanii hin qabu garuu Baaleen biratti hiikniisaa qaama saalaa dubrtiiti.kun immoo
warra baalee biratti qaanii guddaa dha.jechoonni akkanaa kunnin akka fakkeenyatti
haataa’anii malee jechoonni qaanii ta’ani hedduun isaanii ni jiru jechuu dha.kanaaf loqonni
haasawa haawaasaa jiddutti dhiibaa mataa isaa qabaachuun isaa kan wal nama shhakkisiisuu
miti.gama birootiin walshakkiin akkaanaa immoo yoo jabaate itti fuufte hawasa lamaan
biratti banama guddaa gama addaa dummatiin kan fidu ta’uu ni shakkama.dhiibbaan gara
loogaatiin argamu kun yoo waalta’aa dhufe hanga tokko rakkoolee akkanaa maqsuu akka
dandanitti dha.
Yaaduma kanaan kan walqabate akkataa odeef kennaa afgaafii isa biro irraa argametti
Akka yaada odeef kennaa armaan olii irraa hubatamuu danda’amutti loqonni hawaasa
kanneen lamaan biratti mul’atu addaan walqoqoodee ija addattin wal ilaaluun jidduu isaaniti
akka mul’atu sababa akka ta’uu danda’u lafa kaaya.ummanni kunniin jibbaa waliinii ifa
bahee mul’atu qabaachuu haa dhabuu malee lagan walqoodee wal ilaaluun akkuma jirutti dha
‘kunisi lqoduma kannini addan walqoqoodaa ati baddaa dha ati immoo shako yokiin baddaa
dha jedhaa lagan kan walqoodani dha.
Loqoda kamuu guutumaan guututti hambisuun hedduu rakkisaa dha.sababbiin isaa loqonni
hawwasa keessatti umurii dheeraa waan qabuuf hawaasaan sirritti kan wal fudhachaa dhuf
dha.oluma ka’nii hanbisuu tasuma waan hin danda’amne dha.haata’uu malee yoo itti
karoorsani yerroo dhiiraa keessatti hir’isuun nidanda’ama.kunisi gama barnootatinidha.akka
yaada odeefkennitoota iraa hubachuun danda’ametti:
Loqoda hawaasa jidduutti argamu waaltessuun daraan ulfaataa dha.loqonni kunnin barootani
dheeraaf hawwaasa wajjiin kan ture yoo ta’u,loqoda jiijjiruun waanuma eenummaa hawaasaa
sani waan jijjirani waan namatti fakkaatuuf salphatti jijjiramuu akka hin dandaanye
hubachuun ni danda’ama.haata’uu malee loqonni yeroo dheeraan dura naanno kanatti
haasawamaa ture waggootii kudhanii asi saffiisaan fooyya’aa dhufeera.sababni inni
fooyya’aa dhufeefisi akka guutuu oromiyaatti afaan kun afaan barnootaa waan ta’eef afaan
godinaalee oromiyaa hundi akka waalta’u taasifamuun sirn barnootaa keessatti bocamuun
hojii irra waan oleef loqodoota bakkaa bakkatti mul’atani kanneen salphisuun danda’ameera.
haata’uu malee guutumaan guututti waan hin bannef ammasi irratti hojjachuun daraan
barbaachisaa dha.loqoda hawaasa kanneen biratti mul’atan hir’isuufisi dhaloota afaan
barnootaan waala’e barsiisuun barbaachisaa dha.dabalataan warren yeroo yerotti afaan kana
waaltessuf hojjatan irra deddeebi’aa xiinxaluun osoo fooyyesaa deemanii afaan sun
waalta’uun loqoda kana hir isuu ni danada’ama.hunda caalaa garuu loqoda kana salphisuuf
namonni afaan waalta'ee’ osoo dubbatanii gaarii ta’a.afaan barnootaan waalta’e yeroo
dheeraaf hawaasn kan itti fayyadam yoo ta;e loqodni jiru sun hir’achaa deemuu
danda’a.(odeef kennitota A,C.E.G,I.K,L caamsaa 2009)
Loqonni Arsiif Baalee keessatti argamu haala sadihiin ilaluun ni danda’ama isanninis loqoda
gama sagalee,jechaaf himaatiin mul’atani dha.
4.5.1 Loqoda bifa sagaleetiin uumamu.loqonni bifa sagaleetiin arsiif baleen keessatti kan
mul’atu yoota’u,odeef kennaan afi gaafii tokko haala armaan gadiitiin ibaasa
Yeroo baay’ee arsiif baleen jidduutti loqnni irra caalaa mul’atu loqoda sagaleeti.akka
fakkenyaatti isaan armaan gadii fudhachuu dandeenya.
Arsii Baalee
koottu kooytu
ottee oytee
bisaan bishaan
dhaqxe dhayxe
ahenni asikenni
ee eeti
bee bar
jisse ji’iisse
dhugde dhuyde
moonaa foonaa
cadhise cal’ise
qaroo qaruutee
bassite baysite
xiqqoo xiqishuu
dondha doyndha
horomaa sirumaa
qorxoo qarxoo
woyii wohii
Isaan kuunniin akka fakeenyatti haa kaayamanii malee jechoonni gama loqoda
sagaleetiin dhufan osoo tarreessuu barbaadamee daangaa isaa dhuma kan hin qabne
dha.(odeef kennaa”G”caamsaa2009)
Akka yaada odeef kennaa kanatti loqonni karaalee akkanaatiin uumaman laakofsi isaanii kan
daangaa hin qabneef waraabamee hin dhumanne jechuun ibsa.
loqodaaleen karaa jechaatiin hawaasa baaleefi arsii jiddutti mul’atan hedduu dha.
jechoon kunniin ergaan isaan gama hiikaatiin qaban tokko yemmuu ta’an gama unka
isaaniitiif sagalee dubbiitiin addaa dumma kan qaban dha.jechootni armaan gadii
kunninn imoo akka fakkeenyatti ilaalamuu danda’u
Arsi Baalee
- kooboo kunnaa
- mooqqaa fal’aan
- buqqee mastii
- gaamsee suunsuma
- oowwaa siree
- safeetii sortuu
- agalgilii wataaboo
- baanaa wayaa
- orooboo madaala
- Albee haaduu
- qorii fittaalee
- xuwwee jahii
- gonofaa qalqalloo
- gajjara baangaa
- irshoo raacitii
- wiixaa dufaa
- harkisaa noohee
- kabalaa digaree
- shabbeena qaccee
- qanbaraa harqoota.
- qirqiree xiqartii
- jaarkaanii qunbaa
- golloo duree
- gaadaa booroo
- goomphee zaawwiyyaa
- ginnoo xilfii
- jalqaba awwala
- hanfalaa sabbata
- naqattoo zulbaaba/zaqqee
- hafaree bulaalee (odeef kinitoota B,C,E,F,G,I,K
caamsaa 2009)
akka odeef kennaan marii garee armaan olii kunniin kaa’anitti loqodalee gama jechaatiin
hawaasa kanneen biratti argaman kunnii hedduu ta’uu isaanii ta’uu fi hunda isaanii
funaanuun hedduu dadhabsiisaa ulfaataa ta’uu isaa eeranii iaan kunniin immoo akka
fakkeenyatti kan nuuf kanname dha.yaadauma kanaani ilaalchii odeefkinnitoonni marii garee
loqodoota gama jechaatiin jirani isaan muraasa akka armaan gadii kanatti nuuf ibsaniiru.
Arsii Baale
- daakuu harcee
- micciirraa buraattoo
- xorshoo qixxaa
- dabeessa gadhee
- hiyyeessa deeegaa
- xurii wasakaa
- dureessa tujjaara
- biilaa mirqaa
- muxichaa qaranaa
- tamboo bashoo
- bixxoo tusuu
- koomee kiyyoo
- huqqate laafe
- baaduu areera
- arraabbii balaballaa
- boojjii haya
- baradaa sooqiddoo
- falaqise mandi’e
- bushawaa fokkataa
- hinta’u hi’ooti (odeef kinnitoota
A,C,D,F,G,H caamsaa 2009)
Odeeef kinnitoota marii garee kanneen irraa hubatamuu akka danda’ametti loqodoonni gama
jechaatiin mul’atan kunniin yeroo tokko tokko walqunnamtii hawaasa lamaan jiddutti
danqaraa kan ta’ani dha.jechuun kunniin akka fakkeenyatti haakayamanii malee isa kaniin
qofaa akka hin taane dha
Arsii Baalee
-
Boqonnaa shan
5Cuunfaa,Argannoofyaboo
5.1 cuunfaa
Qorannoon kun qaaccessa loqoda afaan oromoo arsii fi baalee jiddutti kan mul’atu irratti
xiyyeeffata.loqodni kunisi karaa gama sagalee,jechaa fi himaatiin kan mul’atu dha.qorannoo
kana keessatti akkaataa uumama loqodaa kanneenif dhiibbaan loqonni kunniin hariiroo
hawaasaa keessatti mul’atu qaaccefamaii jiru.haaluma kanaan boqonnaa kana keessatti
wantoota qaaccefaman kanneen irraa ka’uun cuunfaa kana keessatti kan dhiyaatan dha.
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa loqoda arsii fi baalee jiddu mul’atu xiinxaluuf qaaccessu
yoo ta’u kayyoon gooree isaa immoo maalummaa loogaa ibsuu,uumama isaa ibsuu, dhiibbaa
inni gama hawaasummaa tiin qabu tarreessuu,akkaataa waaltina isaatiif goasooata isaa
qaaccessuu dha.ka’umsi qorannoo kanaa immoo loqonni baleef arsii keessatti kan mul’atu
yoo ta’u hawaasa kanneen lamaan jiddutti adeemsa walqunnamtii irratti dhiibbaa kan qabu
ta’uuf loqodoota kanneen karaa kamiin akka waalta’uu danda’u irratti yaada furmaataa
barbaaduun boqonnaa kan keessatti kan qaaccefame dha.qorannoo kun yeroo gageeffamu
meeshaalee odeeffannoon ittiin sassabamu kanneen akka afgaafii,marii garee fi daawwannaan
kan sassaabamani dha.odeeffannoon sassabamani kunniinisi tartiiba isanii eegachuun
boqonnaa afur keessatti kan qaacceffamani dha.qorannoo kun mala qorannoo akkamtatti
fayya damuun kan gaaggeeffame yoo ta’u kunisiodeeffannoon bal’aa ta’e akka sassaabamu
ta’eera.walumaa galatti qorannoon kun loqoda arsii fi baalee erga addaan baafateen booda
loqodoonni kunnii akkaataa uumaa isaanii xiinxaluun gaafilee qorannoo kana keessatti
dhiyatan hundaaf deebiin kan kenname dha.
Qorannoon kun bu’aa bahii hedduu keessa darbuun sadarkaa xumuraa irra gahuun cuunfaan
isaa bifa armaan oliitiin erga qaacceffameen booda isuma kan irraa ka’uun argannoon isaa
haala armaan gadiittiin kan dhihaate dha.
Loqonni Arsii fi Baleen keessatti karaalee hedduun kan mul,atu ta’uu isaa,kunisi
karaa sagaleetiin,jechaatii fi himaatiin jiraachuu isaatiif loqodoonni kunniin gama
walqunnamtii hawaasa lamaani kaanneen jiddutti hanga tokko dhiibbaa qabaachuu
isaa.
Loqonni gama adda addaatiin hawaasa biratti mul’atu kunniin hanga afaan barnootaa
naannoo oromiyaa afaan oromoo ta’e irraa kaaseee kanduraa irra xiqqaachaa dhufuu
isaatiif dhaloonni muraasni carraa barnootaa argatan biratti jijjiramni jiraachuu isaatiif
haalli kun immoo jijjiramama muraasa kan fide ta’uu isaa.
Haalli teessuma lafaaa arsiif baalee hedduu babal’achuu irraa kan ka’e,akkaataan
jireenya hawaasa kanniinii addaan fafaca’uu iraa kan ka’e manneen barnootaa hawaasa
keessa jiraan waan adda fagaatuuf umman barnoota barachuu irratti hedduu rakkisa ta’uu
isaa,haalli kun immoo dhaloonn harawaan carraa afaan waalta’aa ta’e tokko gama
barnootaatiin argachuu irratti hanqiinni akka jiru beekameera.kun immoo loqoda hir’suu
irratti dhiibbaa mataa isaa qabaachuu isaa.
5.3 Yaboo Qorannichaa
Hawaasni naannoo lamaaniituu carraa barnootaa haala gahaa ta’een osoo akka argatan
ta’ee ‘barattoon ykn dhaloonni haarawan lafaa dhufu afaan barnootaa waltawatti
dammaqinnaan osoo fayyadamanii loqodaalee haala gara garaatiin mul’atan kanniin
daraan hir’isuun afaan waaltawa lfa qabsiisu ni danda’au. kanaaf qaamni dhimmi
ilaalattu osoo irratti hojjatee hedduu gaarii ta’a.
Haalli teessumaa lfaa naannoo kanniinni bu’aa bahii ta’uu fi haalli qubsuma ummataa
addan fafaca’aa waan ta’eef hariiroonni umman kunniin gama diinagdeetii fi
hawaasummaa tiin qabani daraan laafaa dha.kun immoo uumamuu loqodaatiif shoora
olaanaa waan qabuuf walqunnatii hawaasa gama daaddiin walqunnamsiisuu keesatti
qamonni bulchiinsa irra jiran hunddi isaaniituu osoo shoora mataa ufii bahanii gaarii
dha.
Qaamonni afaan waaltessuu irratti hojjatanii fi qorattoonn gara fuun duraa afaan
dhimma kan irratti hojjatan gadi fageenyaan osoo qorannoo irratti
adeemsisanii.akkasumasi afaan barnootaa yeroo irra deebi’annii sakata’niif
waaltessan loqodoota kanneen osoo irratti xiyyeeffatanii gaarii dha.
Yuunivarsiitii Dillaa
Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa
Muummee Afaanii Fi Og-barruu Oromoo
Qorataa-HuseenNuuree
Waxabajjii 2009
Wabiilee
Adunyaa Barkeessaa.(2010).Natoo,Finfinnee,oromiyaa
Waring(1999).Basic Folklor,Stockholm.
Dabalee A
Kabajamtoota Afgaafii dhimma looga/loqoda Oromoo Arsiii fi Baalee irratti yaada kennuuf
argamtan,gaaffii kun kandhiyaate haadholiifi mangudoo godina baaleef godina Arsii dhimma
loqoda naannoo kanniinii irratti beekumsa qabaniif dhalatoota naannoo kaaniinii irraa
filataman dha. kanaafuu odeeffannoon isin naaf kennitan galma gahiinsa qorannoo kanaatiif
murteessaa waan ta’eef,odeeffannoo sirrif qabatamaa akka naaf kennitan kabajaan isin
gaafadha.
Afgaafiin dhiyaate Afgaafii banaa dha.kanaafuu akka ka’umsatti gaafileen armaan gadii
kaa’amaniiru.
Yunvarsiitii Dillaa
Kaayyoon marii garee kanaa waa’ee qabiiyyee loogaalee yookiin loqodaalee oromoo Arsiif
Baalee irratti yaada bilchaataa argaachuuf wan ta’eef isnis hubannoo qabdan karaa sirrii
dhaan yoo naaf kennitan galma gahiinsa qorannoo kanaatiif murteessa waan ta’eef yaada
keessan akka naaf qoodan kabajaan isin gaafadha.
3 wantoonni uumamuu loqodootaaf akka sababatti dhiyaachuu danda’an maal fa’a mee
tarreessaa?
5 dhiibbaa loogonni gama walqunnamtiitiin hawaasa irraan gahuu danda’u maal fa’a ?
Dabalee C
Yuunvarsiitii Dillaa
kaayyoon daawwannaa kanaa odeef kennitoon gaafii karaa daawwiidhaan akka dhiyeessaniif
dhiyyatu iraa ka’uun odeefannoo dabalataa qorataaf akka kennan dha. kanaaf isinis
dawwachiiftinni haala gaafatamtaniin akka agarsiifatan kabajaan isin gaafadha.
3 Ati ammo mee loqodoota arsii fi baalee gama himaatii uumaman nutti agarsis?
Ani maqaaf mallatton koo armaan gaditti argamu qorannoo kanaaf gorsaa ta’uun
barreeffamoota sirreessaa turuuf akka hubannoo amma jirutti hojii qorataa kanaan
qormaataaf akka darbu taasiseera.
Waxabajjii 2009
Yuunvarsiitii Dillaa
Kolleejjii saayinsii Hawaasaa fi Namummaa
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qabiiyyee loogaa yookiin loqodaa oromoo arsiif baalee
xiinxalluun qaaccessuu yoo ta’u,kayyoon gooree isaa immoo ,maalummaa loqodaa
ibsuu,akkaataa uumaama loqdaa addeessuu,dhiibbaa loqonni gama hawwasummaatiin qabu
addeessuu,Akkaataa loqonni itti waalat’uu danada’u ibsuu fi gosoota loqodaa tarressuu
dha.kayyoo kanneen galmmaan ga’uuf mala qorannoo akkamataatti fayyadameera sababni
isaassi akkaataa raawwii waa hundaa waan xiinxxaluuf dha.qorannoo kan keessatti iddattoo
keeyyeffamaaf eerutti fayyadamuun aanota godina baaleetiif arsii keessaa gandoota akka
Maraaroo,Goobaa Itayyoo, Shawwadee,Amiinyaa, Saaluu, Birbirsaa,Woxee fa’a keessaa
namoota muuxannoo yookiin hubannoo qaban jedhamanii tilmaamaman filachuun
meeshaalee funaasa raga kanneen akka Afgaafii, Marii gareef daawwanatti dhimma bahuun,
mala qulqulleeffataan addaan baafamanii erga qulqullahanii booda qaacceffamaniru.argannon
qorannoo kana immoo loqodaaleen Baaleef Arsiii gama sagalee,jechaa fi himaatiin jirachuu
isaanii,loqodaalee kaanneniif haalli teessuma lafaattiin addafaca’iinsi uummata sababa ta’uu
isaa, carraan barnootaa baadiyaa mara dhaqbuu dhabuun isaa barattoon ykn dhaloonni haraan
afaan barnootaan waalta’etti fayyadamuu dhabuu yoo ta’an isaan kanniin immoo gamma
walqunnamtii hawaasaa irratti dhiibbaa qabaatuu isaati.yaadonno akka furmaataatitti
kaayaman immoo ;hawaasni gara lachiituu osoo carraa barnootaa haala gaariin argatanii
ummanni baadiyaa keessumattuu dhaloonni haraan afaan barnootatti osoo fayyadamee gaarrii
ta’a,gama biraatiin immoo haalateessuma hawaasaa kaanneen walitti kaleessuf
hawaasummaan isaanii akka cimu gochuuf qaamolee dhimmi ilaalann osoo gama
misoomaattiin irratti dalaganii gaarii ta’a.dabalataan hayyooniif beektonni afanii osoo
qorannoo cimaa ta’e irratti adeesisanii gaarii ta’a jedhee amana kan jedhu dha.
Baafata
Galat-----------------------------------------------------------------------------------------------------i
Axeeraraa------------------------------------------------------------------------------------------------ii
Boqonnaa tokko
1Seensa---------------------------------------------------------------------------------------------------1
1.1seenduubee qoranichaa------------------------------------------------------------------------------1
1.3kaayyoo qoranichaa-----------------------------------------------------------------------------------3
Boqonnaa Lama
2 Sakatta’a ogbarruu-------------------------------------------------------------------------------------5
2.1Maalummaa Afaanii----------------------------------------------------------------------------------6
2.2Seenaa Afaanii-----------------------------------------------------------------------------------------7
2.3Adaadummaa Afaanii---------------------------------------------------------------------------------8
2.4Looga hawaasummaa---------------------------------------------------------------------------------9
2.5 Garaagarummaa--------------------------------------------------------------------------------------9
Boqonnaa Sadi
3.4.1 Af-Gaafii-------------------------------------------------------------------------------------------11
Boqonnaa Afur
4 Dhiheessa,qaaccessaf,hiika ragaalee---------------------------------------------------------------13
Boqonnaa shan
5 Cuunfaa, Argannoo,Yaboo---------------------------------------------------------------------------20
5.1 Cuunfaa-----------------------------------------------------------------------------------------------20
5.2 Argannoo---------------------------------------------------------------------------------------------21
5.3 yaboo-------------------------------------------------------------------------------------------------22