You are on page 1of 132

‘BOQONNAA 1

Addunyaan kun yeroodha yerootti, sekondiidhaa sekondiitti, daqiiqaadhaa daqiiqaatti,


sa’atiidhaa sa’atiitti, ganamaa waareetti, waareedhaa saafatti, guyyaadhaa guyyaatti, guyyaanis
torbanitti, torbaniis ji’atti, ji’is waggaatti, waggaadhaa waggaatti, jaarraadha jaarratti, baraa
baroottatti yeroon akka hoomaa goondaa gurmaa’anii jijjiirama guddaa addunyaa kana irratti
omishaa oolu. Dacheen taatee hagana hin jedhamiin guyyaadha guyyaatti keessummeessaa oolti.
Jiruu hagana hin jedhamne keessummeessaa haa ooltuyyuu malee gaaf tokko keessa gaaf tokko
dachee kanaaf hir’uun ishee guutameefi hin beeku.Takka as fiigaa takka achi fiigaa, takka ol-
bahaa, takka gad-bu’aa oltii.Uumaan uumama dacheedhaaf kennaa godhee uumee kenne hunduu
gama gama isaan carraaqaa, tattaafataa oola.Uumama keessaa namnis akka hireen isaa isaaf
hirtetti wal morki dirree addunyaa lafa irratti gaggeeffamu kanatti seenaa dorgomichaa
dorgoma.Nama qofaa miti shimbirroonni bakkee, qurxummiin galaanaa, bineensii boosonaa,
munyuuqaan lafarraa hunduu rafee hin bulu amma humnasaa inuma maggala. Shimbirroon
citaa, hanxaxii, kabasbasii walitti funantee godoo keessa jiraattu tolfachuuf hamma humna ishee
qusannaa malee ifaajji.Ganama obboroon kaatee uumaa ishee nagana oolchee nagaan diina
lubbuu ishee irraa tiksee ishee bulche qooqaa garaagaraan weeddistee galateefataa kaanis ka’aa
barii’eera gara maa’ii maa’ii keessanitti jette isaan dammaksaa soorata ishee barbaacha qalqal’oo
ishee butattee kaati.Namnis akkasuma,kaan kaan qotee buluudhaaf gindii, babattee, muree,
qaqee, soofee, qinqamee, qaccee michiirratee, maarashaafi qonyee bitatee,waanjoofi loloosoo
qopheeffatee sangaa camadatee lafa tattarataree qootee, galagalchee keessa deebi’ee bulleesse,
meesee arfaasaa isaa seeraan ilaallate midhaan facaasee kunuunsee makaree haamee tuulee
dhahee galchee waan ittin jiraatu qophheeffata. Kaan kaan immooo gabaa irraa gabaatti
dadhabee nuffee naa gamee osoo hin jedhiin takka buufatee takka kasaaree, takka saamamee,
takka dagee, takka dagatee jiraata.Kaan immoo baratee beekumsa argatee gara maallaqaatti
jijjiree ittin bula. Kaan immoo humna isaa dahoo godhatee safuufi safeeffanna waaqaas
namummaas kabajuu dhabee humnaan waan tokko dafqee dadhabee fidee humnaan saamee
fedhuus lubbuusaa baasee karaa dalgaan waan nama fudhatee ittin jiraachuuf yaala.Kaan kaan
immoo soba daldalee suqii sobaa banee dhugaa haadha hiyyeessa haqaaqee jal’isee himimmaan
ishee lola’u hoomaa otuu itti hin fakkaatin akka madda galiitti kan itti fayyadamuus lakkobsa hin
qabu.Dabaan bashadaqee haa jiraatu iyyuu malee kunis jireenyuma. Kaan kaan immoo dhugaaf
jiraatee yoo joreenyi aduu gadii itti hammaatte guutuufi diddeyuu waan qabuufi argateetti
gammadee na ga’a jedhee kan jiraatus baayyeedha. Kan na ga’ee hin beekne haafas huubas
waliiti guuraa ooluu akka maaratuus hin dhabamu.Kaan immo kan qabee kan dhiisu wallaale
wantii hunduu bitaa itti galee tokko illee otuu hin argatiin kan bira darbuus inumaa jirataa.
Safuudha waan aduu gajjallaaf barataan gama isaan, barsiisaan gama isaan, daldalaan gama
isaan, qotee bulaan gama isaan, beekaan gama isaan, wallaalan gama isaan, soreessi gama isaan,
hiyyeessi gama isaan, jaarsi gama isaan, jaartiin gama isheen, guddaan gama isaan, xiqqaan
gama isaan, hunduu kan taa’u hin jiruu akka qilleensaa birraa ka’achaa, bubbisaa oola. Wantii
akka laayyootti argamuu waan jiru hin fakkaatu qaqqabachuufi qabachuuf jireenya aduu gadii
kana faana dhahee duukaa wixiisa.Jireenyi akka qoosatti itti bahuunu hin jiru wareegama guddaa
nama baasisu malee.
Kaan as fiigee
Kaan achi fiigee,
Kaan ka’ee

1
Kaan kufee,
Kaan mucucaatee
Kaan sololaatee,
Kaan foqoqee
Kaan deemee,
Kaan argee
Kaan jaamee,
Kaan jooree
Kaan jaawwaree,
Kaan dhaga’ee
Kaan duudee
Kaan giinga’ee
Kaan finga’ee
Kaan beela’ee
Kaan quufee,
Kaan boo’e,
Kaan kolfee
Kaan utalee
Kaan hokkolee,
Kaan gammadee
Kaanis gaddee,
Kaan baroodee
Kaan bokkisee,
Kaanis dhaabee
Kaanis buqqisee,
Kaan wal dhiigsee
Kaan wal tumsee
Ni carraaqa

2
Uumuuf dhiibaa
Turuu dhabus
Bara dhibba.
Jiruu qannoo
Arguuf kaata
Of si’eessee
Tattaafata.
Takka kufee
Takka ka’a
Asin ba’eetu
Achiin ba’a.
Taa’ee hin beeku
Isaaf guutee
Wanti martuu
Wal qabatee
Akka garaa
Isaaf taatee.
Achi labee
Asis labaa
Takka argatee
Takka dhaba,
Dafqa cobsee
Xuruurfata
Waa argachuuf
Tattaafata.
Hallifi jiruun
Aduu gadii
Ilma namaa

3
Addaan qooddi.
Tokkof hamtuu
Tokkoof gaarii
Bifni ishellee
Garaagari
As fakkaatti
Achii fakkaatti
Sobas dhugaas
Garaati baati
Xawalwaalle
Walaalammii
Joorsaa oolti
Mara lammii.
Namnii ardii fi addunyaa kana irra kan Amerikaa kaabaas kibbaas, Afirikaas Awustiraaliyaa
Awuroopaafi Eshiyaa yoo jiraatees Artaantikaa hunduu rafee hin bulu, ulaagaafi haalli jireenya
itti ulfaatus dachee kana irra lama buluuf akkuma hiree hiree isaatti tattaafataa, carraaqataa
oola.Isa qaqqabee qabatee isa hin qaqqabnee qabaachuuf aggaamaa, isa beekuu barsiisaa isa hin
beeknee barachaa, isa isaaf gale qalbeefataa, isa isaaf hin gallee gaafata, muxannoofi beekumsa
argateen hojechuuf karoora hojii isaa akka imaltoota konkolaatatii korojoo yaada isaatti naqatee,
annisaa keessa isaa sosochoosee ho’isaalafa yaadeefi karoorfate bira gahuuf ijoollumaa isaa irra
kaasee hamga duu’a lullumaatti jireenya aduu gadii waggaa torbaatamaafi saddeetama hin caalle
kanaaf dafqa isaa xuruurfachaa oola.
Libaan durii ardii Afriikaa keessaayyuu gaanfa ishee, lalistuu, gabbattuu, baadhaatu, maagariituu
dachee oroomootaa biyya oroomiyaa lafa diimokiraasin wal-qixxumaan addunyaa kanaaf itti
handhuramee dhalate.Oroomiyaa lixaa Wallagaatti oromoota nannicha qubataan warra horroo
jaawwii maccaa irraa abbaa isaa obbo Dagaagaafi haadha isaa addee Fiixee irraa bara kudha
sagal jaatamoota keessa dhalatee.Maatii isaaf ilma sadaffaadha.Obbolota dhiiraa sadiifi dubaraa
sadii waliin dhalate. Akaakayyuun isaa abbaan maagal Danuu jedhani maqaa isaa
moggaasan.Sababni isaas Obbolota isaa lamman dhiiraa Mijeessafi Ittaanatti ansee waan
dhalateef dhiirri danateeka jedhanitu Danuu moggaasani.Danuun ijoolummaa isaa irra kaasee
qaxalee ilmaati si’aa’inni inni qabuu nama ajaa’iba takkumaan waa dhageenyaan yookaan
arginaan sila qabatee inni yaanniifi umuriin isaa matumaa waan wal fakkaatu miti Inni tarkaanfi
tokko umurii isaa dursee waan yaaduu ta’uu hin ooluu.Obboloonni isaa hangafaa lamman
barnoota irra waan jiraniif manatii isa barsiisuu yaaluu innis dafee qabachuun garaa isaan gaha
turee.Barnoonni si’a sanaa afaan oromoon waan hin jalqabeef qubeewwan amaariffa haa huu
manatti barsiisuu jalqaban. Dabalataanis qeesii haa huu barsiisu bira dhaqee akka baruuf carraan
isaaf kenname.Innis carra isaaf kennamee kanatti gargaramuu jalqabee.Garuu akka yeroo manatti

4
baratuutti isaaf salphachuu hin dandeenye sababni isaas qeesichi afaan amaarifaan waan isaan
barsiisuuf hubaachuun isaas ta’e bartoota kaan akkan rakkisa ture. Ta’uus isaan keessa Danuun
hubanna gaarii qaba ture.Qeesiin gafaa haa huu jechisiisan Danuun hundaa qalbeefachuu isaa
argani mana barumsaa deemee akka barachuu danda’u ibsaniifi. Kanuma bu’uura godhachuun
mana barumsaa Bonee Abuunaatti akka baratuuf kutaa tokkoffa galfame. Danuun Barnoonni
jalqabamuus akka garaa isaatti isaaf galuu hin dandeenye. Rakkoo isaa inni guddaan afaan
amaarrifaa waan hin dandeenyef waan baratamu hubaachuuf isaaf salphaa hin turre. Gargaarsaa
barsiisonni bartoota isaanii hubachiisuu jaarsaa araaraa ta’ani baratoota isaanii hubachisuuf
godhan irraa kan ka’e walitti dhufeenyii gaariin Danuufi barnoota gidduutti umaamuu jalqabeera.
Hariiroon inni barnoota waliin qabus jabaachu irra darbee akka malee jaalachuu jalqabe.Danuun
baayye waan hin jabaanneef deemsii mana barnootaafi mana isaani gidduu jiru gara sa’atii tokko
waan fudhatuf dadhabuus gafa tokko dogogoree mana barumsaa irra ooluu hin jaalatu. Mana
baruumsaati akka galeen akaakayyu isaa irraa loon fudhee xiksuu jaalata. Lafa xikaatiis taphaa
baayyee taphachuu jaalata. Keessumaa figichaan ijoolle isa qaqqabdu hin jirtu.Kan baqattee jalaa
batuus hin jirtu.Danuun as dhaquus achi dhaquus figuun isaaf amalasaati. Ergaa dhaqnaan silaa
si’anni achiin ba’ee dhufe namni hin beeku.Mana barumsaadha yoomuu galuus ijoollee dursee
barruulee isaa harkatti qabatee ximbiriruu jaalata.Akaakayyuun isaa abbaan magal yeroo inni
dafee mana galee loon dhufee irraa fudhee tiksuu waan eebbisaniif Danuun daddaffee figichaan
galuu jaallata.Walakkaan barnoota waggaa yokaan seemisteeraa waan ga’e fakkaata.Baratoonni
boqonnaan torban lamaa isaaniif kennamnaan boqonnaa irra turani gara barnootaatti deebi’uuf
jiru. Barsiisaan isaani dhufee kutaa seene qabxii barnootaa itti himuu eegale. Danuun baratoota
kutaa isaa keessaa lammaffaa ba’e. Kuni immoo haamilee guddaa isa keessatti horee
caalmaamatti akkani jabaatuuf isaa kakaase.Tokkoffa kan ba’e ilma qeesii Difaabachoo
jedhamuudha. Inni afaan amaariffas maatiin isaa waan dubataniif baayye akka baratoota oromoo
hubaachun isa hin rakkisu.Ta’us seemisteera lammafaatti garuu Difaabachoos Danuun daffa’uu
akka danda’utti hojechuu jalqabe.Barnonni akkamuma jalqabameen Danuun xiyyeefanno isaa
barnoota irra godhate.Bu’aan inni qorumsaa irratti deddeebi’suus waan abdii namatti
horuudha.Battalleen jaluma jalaan kekenameefi barnoonni waggaa sana dhumate.Gaafa
waxabajji soddomaa baratoonni dhufani qabxii isaanifi kutaa itti aanutti darbuufi dhisu isaani
akka baran itti himameera. Baratoonni beelama isaani kabajani akkuma jedhan achitti
argamani.Barsiisaan isaan Addunyaan qabxii baratootatti himuuf barruulee qabxiin baratoota itti
kuufamu qabatanii dhufani kutaatti ol seenani. Baratoonni hundi lafa taa’ani ol ka’anii
dhaabbatan kaaja barsiisaa isaanif. Barsiisaa Addunyaan
Indet aderachuu temarihowochii? jedhan.
Dena Igzihabir yimesgen mamir .Deebi baratootaa ture.
Quc beluu Temarihowoochi.
Inamesginaleen mamir.
Jedhani baratoonni lafa taa’anitti deebi’an bayyee isaan nagaa gafachuu akka ta’ee hin beekani
seeruma mana barumsaatu akkasi se’u male. Waanuma jalqaba akkas jedhaa jechisiifamaniif
waan jedhani malee ergaan isaa maal akka ta’ee waan beekan miti ammatti.Barattoonni hunduu
ijoolle oromoota afaan oromoon afaan hikkatan waan ta’aniif dafani affaanichatti madaquun
salpaa isaanif hin ta’u silas.Barsiisaa Addunyaan torban laman dabarsitan maal maal hojjetaa
turtan mee nutti hima jedhan.Barataan Borcaalaa jedhamuu ol ka’ee ani aramaa boqqolloon

5
aramaa ture jedhen.Deebiin isaa kaanifis waan deebi ta’u fakkata anis anis jedhan
kaanis.Difaabachoon garuu ani bataskanaa keessattan barataa ture jedhe.Tole bareedadha maatii
keessan akka hojii gargaaraa turtan abdiin qaba. Jabaadha itti fufaa gargaara amma mee gara
qabxii keessan himuutti haa dabarru jedhani minjaalatti gad jedhani barrulee isaani
gaggalagalchuu eegalan. Barattonni gariin nan kufamoo nan darba jedhani sodaadhaan akka
nama bookaan itti robee hurgufamu. Kaan immoo meeqaffan baha lataa jedhani yaadaan
cinninsfatu. Tokko tokko immo sirumasaa nama dhibaa waa’eema kufuufi darbuu akkataan isaa
isaanif waan galee hin fakkatuu. Akka yaada isaanitti dhoqqeen ganna waan lafa dhoqqeesse
jiruuf nama dhoqqichaan mucucaate kufatu kufa jedhaniifaa yaadu. Kan immoo harbuu yookan
muka guddaa yaabatanii nama irraa kufetuu kufa jedhaniifa tilmaamu. Toorri kufuufi darbuu
isaanif akka biraatii waan hubatameedha.Barsiisaa Addunyaan tole tokkofaa kan ba’ee barataa
Danuu Dagaagati harka keessan walitti buusaafi jedhan.Danuun ilkaan isaa bisiq godhee
gammachuu isaa ibsate. Difaabachoon aariifi hinaaffadhaan isa ilaale.Bartoonnis haamilee ho’aa
isaaf hin kennine.Baratoota baayyinni isaani kudhan hin caalletu harka walitti buuseefi.
Barsiisaan irra deebi’a harkaa walitti buusaafi hundi keessan jedhani.Danuun bakkasaatti
deebi’ee taa’e.Borcaalaatti akkataan isaa bitaa itti galee jira akkamin Danuun tokkofaa ba’a
barnoota danda’a miti jedhe of keessatti guguunguma akka yaada isaatti tokkoffaan xiqqoo waan
taateef dhumarrafaa bahuu qaba malee tokkoffaa bahuun akka xiqqo taa’etti hubateeti.Nama
dhibba keessa meeqaffa bahuu barbaada Borcaalaa jennan dhibbafaa nama jedhudha. Maali
tokkoffaa sin wayyuu yoo jedhan tokkomoo dhibatu caala jedhe isaan falma baratoonni
hubannaa isaa kana dinqifatanii itti kolfu.Lammaffa kan ba’e Difaabachoo jedhan barsiisaan.
Baratoonnis ajaja tokko malee haamilee ho’aa kennaniifi. Barsisaan hamilee kana irraa waan
waa hubatan fakkatu.Maal ta’uu barbaadaniti kan isaan akka ammatti Danuuf hamilee kennu
dadhabani.Calqaba maalif akka kanatti haamilee kennuu dadhabdan jedhani boquu isaani ol
qabatani ija baratoota keessa ilaalaa.Barataan deebiseefi hin turre hunduu qaaniin lafa
ilaalani.Naaf galeera. Danuutti hinaafuu keessanidha mitii? Mee ilaalaa Danuutiin gaditti
barataan xiqqaan as hin jiruu garuu ammuma isaa namni hojjetummo hin turre qooda hinaaffan
garaa isin gubu kana maaliif sinis jabaatti hin hojjetani jedhani.Akka yaada baratoota kanaatti
Difaabaachoon tokkoffa bahuu akka qabu waan barataan gutuun irratti waliif galee
fakkaata.Garuu tokkoffaa bahuufi dhiisuun walii galtee baratootaan otuu hin taane cimina
barataan adda baafama.Beektu an qophaatti Danuudhaan hin barsiisne sinumaa waliin malee
jedhani. Aarii guddaatu fuula isaani irraa dubbifama.Amma kudhaniitti kan baheefi warreen
kufan qof himaani warreen kaan gara kutaa lammaffaatti darbitaniittu jedhanii daree barnootaa
keessaa gad bahii gara biiroo barsiisotaatti qajeelan.Gabaa yaada keessa seenani safuudha amma
maal ta’innafidha baratoonni kun kan isaan Danuuf harka walitti buusuufi kooran.Him nama
dhibaa warrumti kufan illee maaltu akka isaan eeggata jiru waan shakkan hin fakkaatan. Amma
Akkuma isaan kutaa bahaniin Difaabaachoon utaalee ka’ee Danuudhaan kokkee qabee
hudhe.Danuun maal taate na gadhiisi ittin jedhee wal’ansoo qabee.Inni garuu ittuma caalchisee
qabee rukutuus jalqabe.Danuun qamaan amma isaa gahuu dadhabuus onneen isaa gootumman
guutameera harka laachuu hin feene jabaatee wal’aansoo ittin qabe.Baratoonni hundi itti
naanna’ani kolfuufi wacuurra darbee namni wal irra qabuuf yaale hin ture. Waca baratoota kanaa
dhagahanii barsiisaan ofirra mil’atanii ilaalan gabaa yaada egalan keessa bahani. Yeroo kana
Danuufi Difaabaachoon wal lolaa akka jiran arganii fiigichaan dhaqani walirra gargar baasani.
Maal taatanitu walloltu? Barsiisaa Addunyaan

6
Danuun uffatasaa sisirreeffachaa barsiisaa akkuma isin kutaadhaa baataniin dhufee kokkee qabee
na hudhe waanin balleesse hin beeku jedhe.
Maal si goonan kokkee qabda gurbaa fula gara Difaabachootti galgalchani durumaan giddu
isaani dhaabatani jiru.Difaabachoon isatu jalqaba na rukutee jedhe sagalee laafaadhan.Barsiisaan
gara baratoota ilaala enyutu jalqaba rukutee baratoota jedhan.Warreen sila yaadaan Difaabachoo
sinaa dhaabacha turan amma iji fincaa’an isaan ta’e otuu hin jaallatin dhugaa jirtu himuuf
dirqamani. Yeroo kana barsiisaa Addunyaan ariin keessa isaani danfee kaanani kan isaan
Difaabachoodhan dhiitichoo tokkon dhoqqee waxabajji waliin walitti isa makani. Jilbeefadhu
amma dafi jedhani ajaja biraas foqoqaa beenu gara birootti jedhani isaaf kennani.Birooo akkuma
geessisanii harka milla jala baasisani gurra qabsiisani baleessaa isaaf adabbii kennanifi.Baratonni
gochaa kana dhabbatanii ilaala jirani bartoota kutaa isaani qofa miti kanneen kutaa biraas waca
baratoota kanaa dhagahani birmataniiru.Danuun gammachuu isaa ijoolle olla isaanitti himatee
isaan waalin dhaabachaa jira.Guyyaa kana gammachuu isaani bifa ittin ibsatan baayyetu
jira.Keessuma farankaa harkatti qabatanii dhufuun waan baratamee gaafa waxabajji
soddoma.Kunis calaqqee kutaa itti aanutti darbuu isani kan ibsu shonkoraa, burtukaana, muuzii,
maangoo ijoolleen gooda gammojjiifi babal’aati fidani bitatani nyaachuufi. Kana malees
karameellas bitachuuf isaan gargaara.Jaalalleewwan wal jaalatani jiranis guyyaa kana qabdoo
waliif seenuun kan baratameedha. Sababni isaa ji’a lamaan tokko otuu wal hin argiin turu waan
malaniif dhangaa jaalala waliin dhamdhamani nagaa kan walitti dhaaman lakkobsa hin
qabani.Toliinaan barata kutaa olaana baratudha mana barumsaa boonee abuunati Danuudhan ni
dursa gara kutaa shani.Danuu waliin ollumaarra darbees firadha.Qabdoo isaa waliin nagaa walitti
dhaamuuf amma barnoonni eegalamatti waan wal hin argineef yoo tasa gabaatti yookaan karatti
wal argan male dhungoodhaaf maqani jiru gaawwaa tokkotti isaanuma baala bakkannisaa
caccabsatani gad taa’an sagaleen wayii dhaga’ame.Tolinaan namatu nu hordofee dhufe se’e lafa
taa’u ka’ee sagalee dhaga’e sana adda baasuu yaale. Ijoolle xixiqoo dha waan isaan argan hin
fakkaatan bosona keessa akka dhodhokachuu ta’aa jiru.Danuun akkuma amala isaa mana
barnootaati ba’e figichaan galuuf tirataa jira.Refuuma mana barumsaati ba’e irran gadee tokko
bu’e tabba wayii qabata.Isaa dhufee ejersa maammee ga’u Difaabachoon luf jedhe itti ba’e
boosona keessaa.Danuun rifatee akka konkolaatan gommaan jalaa dhohee dhabbatu gem jedhe
dhaabata.Lakkaa Difaabachoon Danuudhaan reebuuf rayyaa qopheefatee isa dursee dhufee
bosona xiqqoo ejersa maamee jirtu keessa dhokatee jira.Utaala Danuu irra bu’e rukutuu jalqabee
raayyan inni daboo waamee dhufes boosonicha keessa ba’ani itti wacuu jalqaban.Danuun
humnaan caalamus onneen isaa gad hin jennefi amma humnaa innis rukuutu hin dhiisne.wacaa
dhagahaa jiraachu isaani malee maal akka ta’e Tolinaanif qabdoon waan beekan hin qaban.
Wacichi dhaabachuu dinnan Tolinaan ka’ee ilaaluuf dirqamee. Yeroo kana ilma wasiila isa
Danuutti ijoolleen xuqxee reebaa jirti. Nan badeeraka ani jedhe ka’ee itti fige danuu dhagaan
dhahi dhagaadhan sagalee jedhu dhagesisa. Yeroo kana daboon Difaabachoo baqa na kuti jedhan
walitti isaan dhiisani.Tolinaan dhaqee saggoo Difaabachoo qabee irra addan baasee maal si
goonan rukutaa mucaa jedhe sagalee dheekkamsuu qabun.Difaabachoon gadhiisee baqachuuf
ture Danuuti akka isa hin gadhiifanneef jabeesse qabe male.Dhimma wal dhabdee isaani
Tolinaan adda baafate isa jilbeefachise.Danuun dabareesa isa roqomsiise. Takka ka’i jedha ,
takka taa’ijedha.Difaabachoon gabbarsuudha kadhatee dadhabee amma danda’u itti roorise kaa
Danuun. Tolinaan nan dhufa Danuu. Atimoo asii deemte jennaan udaan keen si nyaachisa jedhe
akeekachisee deeme Difaabachoodhan, tarii baqatee sokka jedhee waan shakkeefi ta’a. Dhaqee
qabdoo isaatti nagaa dhaamate ishee gaggeesse gara Danuutti deebi’e.Diifaabachoon akkuma
jilbeefatetti jira.Raayyan inni qopheeffates baqachuura darbani waan isaan isa gargaaran yoo

7
jirate yoonni kee yoona yoonni kee yoona ka’i baqadhuu koottu jedhani itti iyyuu qofa ture.
Inni garuu Tolinaan waan isa akeekachiiseef onne ittin baqatee bahuu dhabe.Tolinaan dhufee
Danuu amma dandeesse rukutiiti arii kee ba’adhu jedhe. Danuun takka kaballaadhan takkammoo
dhitichoodhan keessa bubusee hin hilleefi.Akkanattierga takka itti taphatee booda biraa deemani
achumatti dhiisani otuma inni taa’e boo’u.Danuufi Tolinaan waliin bishaan abuunaa ce’uuf
dhiyyaataniru.Michoonni Difaabachoo bakka baqatanii turani garasaatti dhaqani isa sossobuu
yaalan.Dhumarra gammatti riqicha laga abuuna tubboo jedhamee waamamu ce’uu isaani
mirkaneefatani boodaa gamatti waamanii arrabsuu jalqabani.Danuunfaa garuu dubatti
galagalanni isaan dhageefachuu hin yaalle dubbicha wal harkaa fudhanii odeessa tulluu mootuu
bahani ushee bakka awwalcha darbanii haraageefe yommuu ga’an xiqqo dhukkubiin Danuutti
dhagahamu jalqabe.Dhukkubbin itti haa dhagahamu iyyuu malee homaa akka na midhameetti
washakachuu hin feene. Waan keessa isaati dhagahamu daddafee mana ga’e gammachu isaa
maatiitti himachuudha malee waa’e reebamuu isaa homaa bakka hin laanne.Baratoonni gaafa
waxabajji soddomaa wal loluun wal reebuun waan baratameedha.Kan gaafa wal lolu haa turu
kan duraan wal dhabdee qabanu haaloo kufatani kan wal reebani lakkobsa hin qabani.Kaan
kaanimmoo olantumma isaani walitti argisifachuuf kan qabee wal rebus gute. Kana gochuun
isaani dinuma gudda walitti ta’anii osoo hin taane wal al’ansoo wal qabuun akka waan aadaa
ta’eetti waan beekamuuf kana sababa godhatee maatiin walitti bu’u hin jiru. Kaan kaan immo
laga gamaafi gamanaan raayya umee wal lola.Kun hundi lola fakkaatus taphas of keessa
qabachuu waan hin oolledha.Danuun mana ga’e jira. Harmeensa addee Fiixeen buna dhugani
ollaadha galaa jiru.Gaafa argu areedee dhaqee ayyoo tokkoffan ba’e jedhe. Ishoo garbicha
jedhani gammachuu isaani ibsachuuf ofitti isa qabani hammatan.Abbaan Danuu manuma buna
dhugaa turan sana ta’anii obbolota isaani waliin taphachaa jiru.Maatiin kun ofii isaani carraa
barnoota dhabanis ijoolle isaani barsiifachuu irratti dorgomaa hin qabani.Obbolonni Danuu
Mijeessafi Ittaananis bartoota kutaasaddeti mana barumsaa saqalaati.Danuun abbaan isaa oolaa
buna dhuguu dhaqanii dhufuu turraan ayyoo bunni dhugamee hin dhumnemoo jedhe.Bunnoo
dhugamee dhumeera taa’animaa taphachaa jiru malee yoona.Dhugaas qabuu keessas haraa
galfacha waan jiranidha arfaasaa waan ta’eef qonnarra oolani gallaani bunnu kani inni
danfisameefiru.Otuun ayyoon Danuufi Danuun wal irra fudhanii hasa’aa jirani obbo Dagaagan
dhufani.Danuun ol ka’e kokolfaa abbaa tokkoffan ba’e jedhe. Ishoo ilma ko ishoo gaanfuree
abba kee akkas kunoo natti baate jedhani dhaadessani.Takka akka kolfuu ta’etu Yaa abbakoo
jedhe afaan isaa keessatti hambifate Danuun .Abbaan isaa waa dubbachuu akka barbaade
hubatani maal jette jedhan.Yoo nutti balleesinu sanyii haadha kee hadha keetti baatee yoo nutti
tolchine sanyii abbaa kee anatti baate jettu kanatu na dhibee jedhe.Aayyoon Danuu ishoo
guddadhu jedhani dubbichi akka aananitti laphee waan isaan qabbaneesse fakkata.Abbaan isaa
garuu kolfani ayi gurbaa kana nama dhiba waan inni dubbatu jedhani offuma keessatti yaada
ilma isaani dinqisifatani.Danuun obbolonni isaani angafaa yoo isaani sadarkaadhan bahan maaltu
akka isaanif godhamu waan beekuf maal naaf gooture jedhe maatii gaafate.Harmeen isaa adde
Fixeen uffatan siif bita jedhani.Galgallis geenyaan obbolonni isaa saqaaladha baratan galani
isaanis gammadani isa jajabeessani akka inni caalatti hojetuuf.
Barnoonni boqonnaa gannaaf addaan citeera waan ta’eef baratoonni maatii isaani hojii
gargaaruun dabarsu.Kan xiqqoo ishee qacimatan immo waanuma adda addaa gabaara gabaatti
darbanii daldalu waan bara dhuftu ittin uffata baruullefi kophee ittin bibitatani
qoqopheefatu.Addee Fixeen daldaltuu cimtuudha ijoolleen ishees mana barnoota akka galaniin
yoo isheen gabaa dhaqxee amma isaan mana barumsaati galanitti hin galle ta’e karaatti itti
adeemu ba’a ishee irra fudhani saggootti baatani harmee isaani ara galfachisu. Keessuma addee

8
fixeen gabaa botoroo jardagaa yoo dhaqan fagoo waan ta’eef galuuf aduu waan dhiisifatani
gaafii Mijeessan gaafii Ittaanan karaatti ba’ani isaan barbaadu.Michoonni aadde Fiixee yaa fixee
maaluma ofiin jetta kanuma ijoollonni kee karaatti sitti dhufani ba’aa kee sirra fudhani araa si
galfachiisan jedhu.Guyyaa barnoonni hin jirreefi ganna ganna immo isaanis waliin deemani
daldalu. Waan isaan hin daldalle hin jiru dhaadha buqqeedhaan, karameellafi saamunaan sila
hojii isaaniti.Abbaan isaani Obbo Dagaagaanis hojii qonnaa biratti ni daldalus. Kan isaanii
immoo laga kutee iyyuu ni deema. Waktii kana egaa Danuun horiii tiksuun dabarsa umuriin isaas
daldalaaf ga’aa waan hin taaneef jechuudha.loon goodaa abuuna keessa, laga faarsi basuu amma
cunqulleetti lafa bal’aa horiin irra tikfaman irratti ganna guutuu dabrsaa.Danuun ergi barnoota
waliin hiriyaa cima ta’u egalani taa’us ka’us yaannisa barnoota waliin buutee baati.Otuu dafee
barnoonni jalqabes ni jaallata garuu maal godha akka garaa harka wayya hin muru jedhani akka
inni yaadee hin taaneefi obsee ji’a lama turuuf dirqame.Otuu guyyaa wal walitti buatani
gaggabaabsani ni jaalata garuu eessa danda’ama maleesa.Yoom barnoonni eegalu maatii isaa
otuun hin gaafatiin guyyaa lama hin buluu akka nama goromsa dorrobduu dhaluuf jettu silga
gooromsaatti nyaachuuf eegatu eeggata guyyaa barnoonni egalu. Guyyaan turus bulus gahuu hin
ooluu barnootasa kutaa lammaffaa egale.Akkuma jarjaraa ture cimsee qabee seemisteera
jalqabaa tokkoffa ba’e qabxii gaarii galmeessisuun.Qabxiin inni galmeessise kun immo
barsiisota mana barumsichaa biratti dhagetti godhate.Akka seeraa barnoota bara sanaatti barataan
tokkoffa ba’e qabxii garii galmeessis gara kutaa itti aanutti walakka waggaatti darbuu akka
danda’u kaa’e jira. Kana bu’uura godhachuun koree mana barumsicha Daanuudhan gara kutaa
sadaffatti akka darbu taasisan.Danuunis bartoota kutaaa saddaffaa keessa lammaffaa bahuun
xumure.Warra isatti hinaafa turan bira darbuun isaa waan hin oolle ta’e.Durumaa gorsa kana
waan qabu fakkata obbolotasaa hangafoota irraa. Kanaafidha kan innis itti cichee hojjechu
danda’eefis.Danuun barnootaan namni isa qaqqabu waan jiru hin fakkatu akkaan walitti
michoomaniru.Kana malees taphoota heeddu taphachuun jaalata. Kubbaafi figichoon silaa kan
isaati.Difaabachoon booree keessa isaatti wal gurmeesitee turte otuu hin bahatiin hafuun isaa
waan hin ooledha.Kana booda Danuu qaqqabuun dhadhaa abidda buutedha.As utaales achi
utaalus hin dandeenye amma humna isaas hin teeye.Danuu caaluu hin dandeenye malee.Ergan
fuudhee hin teenye intallis hin deenye jedhe jedhan jaarsi.Difaabachoonis akkasumaan taphani
inni Danuu wallin qabu hamma fedhe carraqus bira gahuu garuu hin dandeenye.
*********
Imaanan maati isaa, abbaa harmee obboleessa obboleetti, firootaafi hiriyoota isaa irraa addaan
ba’ee gara Iluu Abbaa Boor hurrumuutti imaaluuf jedha.Barnoota isaa kutaa torbaffaa akkuma
xumureen wasilaa isaa Annisaa biratti barnoota isaa barachuu barbaadeeti.Imaanan barnoota
irratti baayyes cimaa hin turre keessuma kutaa tokko hanga afuurii yeroo baratu mana barumsaa
guddinaa abuunaatti sadarkaa sadaaffa kan inni ba’e kutaa afur ga’eti malee amma sanatti mana
soddomaa ol ba’a ture. Garuu wanti nama dhibuu takkumaan achirra ka’e saddaffa ba’uu isaati
kutaa afraffatti. Kutaa shannaffa afuraffan ja’affa saddaan xumure torbaffaatti torbaaffa baanani
kan Aannisaan dheekame akkamiin gadi buute jedhee gaafatee.Imaanan hojii akka itti baayyatu
itti hime. Keessuma wayita qormaanni seemisteraa jalqabaa kennamuuf jedhu Imaanaan maatii
hojii gargaaraa.Midhaan haamanii dhahanii calleessani galchuutu jira waan ta’eef.Qormusaa
seemisteera lammaffa arfaasa waan ta’eef qonnatu jalqabma. Yoo akka seemisteera jalqaba
bayyee nama hin rakkisnes xiqqoo yeroo isaa qonnarratti dabarsuun inuma jira. Kaanaf hojii irra
oolee galgalam baayye dubbisuu hin danda’u waanin dadhabuuf.Otuu yeroo argadhee seeraan
dubbisee daran foyyessu nan danda’a jedhe Imaanaan sababa isaa yoo ibsatu.Sababiin Imaana

9
tarreesse dhugaa ta’ee waan itti argameef ofitti fudhee of biratti akka isa barsiisuu qabuu kani
inni murteesse Annisaan. Abbaafi haatii Imaanaas yaadichatti waliif galani.Keessumaa abbaan
Imaanaa booreen barnoota keessa isaanitti waan hafee jiruuf qabsoo isaan jalqaban akka galma
ga’uu waan barbaadaniif yaadicha irratti waliif galuu irratti duba hin deebine. Ko’umaan hojii
qe’ee isaani keessaa qaban ulfaata ta’us anis qonna qotuu abbaa koorra irraa dhaalee ilmas koos
qonna qotuu hin dhaalchisu.Inni barachuu qaba jedhen of murteessani.Gootummaa abbaan isaa
dur barnoota irratti qabu yoo dhaga’uu Imaanaan xiiqiin keessa isaatii kulkulfate ka’a.Walii
galteen Imaanaan waasila isaa Annisaa bira Iluu Abbaa Boor magalaa hurrumuutti akka baratu
miseensota maatii gutudhaan murteeffame.Imaanaan abba isaa waliin waraqaa gaggeesitu mana
barumsaa saqalaa irraa kutaa torbaa gara saddetitti darbuusa mirkaneessu baasisaniruufi.
Guyyaan deemsa Imaanaa waan jala ga’e fakkata.Ganni darbee birraan bari’uuf
jedha.Barsiisonni boqqonaa gannaaf bakka adda addaa gara maatii maatii isaanitti galanis gara
mana barumsaatti deddeebi’uu egalaniiru galmeen bartoota waan jalqabuu ga’eef.Adaadaan
Imaana obboleettin harmeessa wallga bahaa anaa sibuu sireetti barsiistudha.Gara mana barumsaa
isheetti deebi’uuf waan jettuf Imaanaan ishee waliin akka deemuu murta’era.Amma magaala
naqamteetti gaggesitee akka deebituuf.
Imaanaan boor deemsa isaa jalqabuuf jedha.Kanaaf har’a gara magaala magaala shaambuu
bulanii ganamaan ka’uu waan qabaniifi.Abbaafi harmeen isaa isa gaggeessuf ka’ani.Imaanan
obbolota isaa dhudhungatee akkoofi akaakayyuu isaatti nagaa dhamate qajeele.Himimmaan achii
dhufteen isaa hin beekamne tokko dhufee ija isaatti carbab jedhee guute. Qolli ija isaa dhorkuu
hin dandeenye irra darbee dhangala’e madii isaa bitaaf mirgaarra kol kol godhee ofirra
cobse.Dhugaadha maatii ofirra miti orm waliin turan waliin yeroo addan bahuuf deeman onneen
kan isa hin raafamne hin jiru.Imaanaas kanumatu mudate obbolaan isaas himimaan isaa kana
argani of qabuu dadhaban akka nama lamuu lammata wal arguu hin dandeeyetti walitti boo’ani
wal gaggeesani.Kayyoofi du’atu addan nama baasa malee maaltu jaallatee walirra addaan baha
silaas.Dhisaa nama karaa deemutti hin boo’amu jedhani akkoon isaa maatii gutummaatti
dheekamani.Deemsi waan oltuu waan hin taaneef garaa jabaate deemuuf dirqamee
Imaanaan.Harmeen isaa ilma ishee gaaf tokko irraa adda bahee hin beekne har’a adda bahuuf
jiraachun isaa waan hin oolle waan ta’eef amma saqalaatti sin gaggeesse jette manatti olseente
uffata ishee jijjirachuuf.Duraan silaa abbaama isaa qofatu gaggeessuf ture harmeen Imaanaas
gaggeesu malee jedhani.Abbaan isaa farda irratti korojoo huccuu Imaana qabee jiru qabatani
jiru.Imaanaaf harmeen isaa immo lafoo deemu.Manaa bahani akkuma mana gararra gahaniin
Imaanaan offirra galagalee gara qe’ee isaani ilaalee.Boqqolloon sandaabee naannoo bareechee
jiru gamaa gamana lafa magariisaan uwwifamee jiru goodaa abuunaa bishaan dirree irra
dambalii’e gamaaf gamanatti rukutee jiru ilaalee birraa bar’ee qileensi isaa akka malee nama
hawwatu samareeta asheete qillensi akka dhaha galaana dambaliisisu gammatti basuufi wabbotti
ilaale otumaa mana bahee hin deeminu yaaduu akka jalqabee isatti dhaga’ame.Otuun hafeeho
amma? Hin deemuu jedhu laata? Deebi’emmo abbaan koo natti dheekama yoon akkas jedhemoo
Imaanaa of keessatti.Ayyoon isaalle waan mormitu miti otuu inni hafee durumayyu waan gootu
dhabdeeti malee keessi ishee otuma raafamutti kan tole jette.Ayyoon isaa ammumaan yaaduu
jalqabdemoo jedhani isa inni yaadan of hunkuramu akka waan keessa isaatti argani
hubatanitti.Maarree jedhe bifa qoosaa fakkatun deebiseefi.Abshir maaltu bakka dhalatetti hafa
buqqee/dabaaqula malee jedhani.Ati amma barnoota keeti jabaadhu ko’umni keenya waan
guutamu miti ko’omee abbaasa haa baasu male jedhan.Abbaan isaas harkaa fudhani nuti takkaa
taaneera kana boodee siniin barsiifachudha malee jedhani.Amma xiqqo mana irraa fagaatani
kattaa birruu darbani mandara dimbeetti seenaa jiru.Waan meeqa wal harkaa fudhanii hasa’a

10
deemu. Imaanan bargamoo dhaabee waan tureef horii keessa seene akka hin caccabsine yeroo
yerootti ijoolleen haa ilaalan jedhe abbaa isaatin.Tole kan isaa sin yaaddesin kana booda isa asii
yaaduun sirra hin jiraatu ati tokkof tokko barnoota kee duwwaatti jabadhu.Isa asiif nutu genya
ilma koo jedhe abdachisa.Otuu nutis akkuma kaaneen barnootatti fufneera ta’e silaa yoona asi
hin jiru. Baraaf tolchituuf hin toliin malee amma immo galata waaqa tolchituunis hin jirtu wanti
carraa namaa dabarfatuu waaqayyo ishee qabeera.Isa ani jalqabee karaa ga’e dhiise ati xumura
itti godhiga.Kana booda ani keessaa galeera qaata ilma koo atimmo bakka koo butee qabsooon
ani jalqabee finiinsitee akkati maqaa na dhoosiftu abdiin qaba.Jabaadhu yaanni kee barnootarra
malee gara biraa akka hin dhaqnee. Keessuma qoosa jaalala dhaqxe jennan beekadhu.Kan iddo
maleetii nama cabsee hambisuu keessa tokko wanta iddo maletti jalqabmuudha.Wanti hundu
yeroo qaba akkuama jedhu sagaleen waaqayyowanti hundi yeroo isaafi bakka isaa eegatee ni
dhufa.Amma sanatti immoo jabaatani of eegatani keessa darbuun immo barbaachisa
jechuudha.Ela ilmakoo qoosaa jaalalaa akka hin dhaqne ani kanaan irra deedeebi’e sitti hima nan
beeka nama meeqa eessa gaha jedhamee kan eegamu gidiraa jaalalaan xaxamee iddo hin malletti
salphatee kan hafe jedhani.Imaanaan gorsa abbaa isaa gurra qeensee dhageefata jira waan tokko
isa jala akka dabartu hin darbaadu.Haala kanaan otuu abbaan Imaana ilmaa isaanitti imaanaa
keennani magaala saqalaa gaha.Achitti adaadaa isaa waliin wal argani gara magalaa shaambutti
gaggeessani biraa deebi’ani.
Ganamaansa buufata konkolaata magaala shaambutii konkolaata qabatanii deemsa isaani gara
magaala naqamteetti taasisuuf jedhan marfata konkoolaata hootela waabee fulleedhan jiru
naana’ani gara kallatti bahumsa magaala naqamtee geessu qabatani. waan nama dhibuu
maagalicha keessa osuma hin bahiin mana barumsaa daandii booruu yoomuu ga’an
konkolaattonni baayyeen dura isaaniti dhokkeedhan qabamani karaan darbaa hin jiru.Xiqqoo
addun bilic jette amma lafti wal qabatutti eguun dirqama ta’uuf deemti.Xiqqo akkuma
dhaabbateen konkolaatan sutaa sutaan dhokkee keessa bahuu jalqabe deemsa eegalani.Amma isa
dura hin ta’iin malee bakka bakkatti dhoqqeen konkolaata qabee rakkisuun inuma jira.Imaltoonni
konkolaata guutani jira wal harkaa fufudhani komii dandicha irra qaba ibsachaa deeme.Biyyatti
galuu kan nama yaaddessu tokko kanadha.Horro guduruun nama baratee akka biyyaatti baayyee
qabdi jedhame odeefamuun maal fayyada amma ammatti ille dandii konkolaata mijataa hin
qabdu.Barachuun maal fayyada yoo biyya ofiif hin tanee jedhani quuqama keessa isaani baasanii
dudubatu.Tokko keessa hin dhageenye waan Mallas Zeenawiin jedhan jedhe.Imaltooni
dhaggeffachuuf callisani.Wallagaaf asphaaltii galchuu jechuun ABO fi kophee bituu jechuudha
jedhan. Imaltoonni kolfaan gutamani. Nagaadha boqodhu mallas jedhani qoosan gariin immoo.
Duuti Obbo Mallas bara sana ho’aadha ture reefuma ji’oota muraasa lakkobsisa. Toorri
hawwaasummaa baayyen immoo gadduma isaayyu waan cabsate miti akkumaa har’a du’eetti
ho’isani odessu.Konkolaataan deemsa irra jirtu wal’ansoo dhoqqee waliin wal qabaa magaala
haratoo geesse.Konkolaatam gara shaambuu dhaquu karaatti kan itti dhufu waan hin jirreef
konkolaachisaan fulduraa isaa dandiin cituu hin oolu jedhe waan shakke fakkata garagaara isaan
mee bilbilii karaa nagaa akka ta’e konkoolachiftoota isaan dura turan gaafadhu jedhe. Dubbin
akkuma inni shakke ta’uu hin oolle akkuma magaala haratoo keessa bahaniin riqichi citee
konkolaatan gamaatis gamanattis akka hin ceneef danqaa ta’era.Abdii kutaanna guddadhan
dubbatti deebi’ufi waan fagaatameef itti deemame.Achii geenya ummannio gamaaf gamana caf
jedhee dhaabata konkolaatanis tooruma gale.Xiqqoo erga dhabbatamee boodee lolaan riqicha
cabsee dandii lola’u akka hir’achuu taanan imaltoonni kophee ofirraa baafatani ba’a isaani
dugdatti baatatani miillaan gamaafi gamanatti ce’uu murteefatan.Silaa falli hin dhibuu ofirra
debi’ani imaltoota wal jijjiran deemsa jalbani. Falli kun argamuunsa iyyu bayye imaltoota

11
gammachiisera.Silaa maaltu akka godhamu rabbi haa beeku.Magaala bakkoo ga’ani yeroon ciree
miti kan laaqanayyu darbeera waan nyaatamutti goran.Sana booda xiqqoo daandii akka kan
duraa waan hin taaneef shakkin isaani aduun itti dhihuu qofa ture.Imaanaan karaa foddaa
konkolaata bakkee akkuma ilaalutti deema.Xiqqo waan haaraa isatti ta’eefuu fakkata.Kaan dura
magaala shaambuu darbee eesaayyu dhaqee waan hin beeknefis dhugaa qaba.Lafa sursuraa’u
magaala Naqamtee ga’ani.Imaanafi adaadaan siree qabatani achi bulani. Ganama yeroodhan
ka’ani gara magaala beddeletti Imaana gaggeessufi.Imaltoonni buufata konkolaata naqamtee gar
malee baayyedha.Otuu balballi buufaticha hin banamiin.Sagalee guddistuudhaan kiisi keessan
eggadha hattun akka sin jalaa waan qabdan akka hin fudhane jedhan.Adaadaan Imaanan bilbila
kee harkatti jabeessi qabu jette.Innis harka tokko bilbilasaa harka tokkon mallaqa kiisii isaa
keessa jira harkaan qabatee qopha’e.Balballi buufatichaa banamnaan hundi imaltoota wal cabsaa
ka’e.Safuudha tasa giddutti kufnaan namni wal irra goru hin jiru walirra deemaniima darbuudha
male.Hattuun kana keessa seentee nama samtus waan dhibdu miti kanumaafidha duraan dursani
hojjettoonni buufatichaas kan isaan akeekachiisa turan.Gargaartonni konkolaatota dhaabbatani
waamu.Najjoo Najjooo Gimbii Gimbii Amboo amboo/3 Baakkoo.Amboo. shaambu Shaambu
Safuudha kan wal dhagahuu hin jiru hunduu akka hoomaa kaannisaa wal keessa wasa.
Imaanaf adaadaan isaa konkolata beddelle waamtu barbaadani dhabani.Isaani dhaabatu beddelle
beddele nama tokko kan jedhu dhufee gurra isaani keesa bu’e.Yoona kana figani dhaqani achiin
ba’ani.Nama gudda tokko cinaa bakki kennameefi Imaanaaf. Adaadaan isaas nagaa itti dhaamtee
biraa deebite.Konkolaata amma imaltoota waan guutatee jiruuf kani isa hafee yoo jiraate
waraqaa bahumsaa konkolaata qofadha.Isammo gargaaraan fiduu dhaqeera.Haga sanatti
konkolaatan motor konkolaata isaa ho’’isataa jira.Konkolaatichi hursaa isaa xiqqoo xiqqo
dhagahamu malee gidduu giddutti sagalee han han han jedhu dhadhageesisa.Gargaaraan
konkolachisaa waraaqa ba’umsa isaa mirkaneesitu harkatti qabatee dhufee balbala rurukutee ba’i
ba’i jedhe konkolaachisaa.Konkolaachisichis luugama konkolaata isa harka lamaan qabatee
takka as naannessa takka achi naannessaa gara ofii fedhetti isa ajaja buufata konkolaaticha
keessa baase daandii ba’umsaa beddellee, Jimmaa, Gimbiifi Dambii Doollo geessu qabate.Takka
akkuma deemeen bakkee jaamaa ga’e qillensa goomaa isaatti guuchifatee deemsa jalqabe.Lafti
bari’aa jira.Sochii namoota seeraan eegaluu baatus konkolaachiftoonni hojii idilee isaanitti
bahaniiru.Imalli Imaanaaf akkuma itti fufetti jira.Aduun birraa ganamaan ba’aa jirti.Ergi magaala
Naqamteeti ba’ani homaa hin jedhani xiqqoo deemaniru magalaa xiqqoo Gatamaa jedhamtu
biras darbaniiru.Imaanaan taa’ee yaadaan bada.Waan dogogoree konkolaataa beddelee geessu
osoo hin taane bakka biraa geessu waan seene isatti fakkaate nahi nahi isa jedha keessa
isaati.Sodaan keessa isaa kun baayye itti cimnaan na guddaa cina isaa taa’ani jiran tokkon eessa
genyeera amma jedhe otuma sossodaatu.Amma Magaala arjoo gahuu xiqqumatu nu hafe jedhan.
“Akkami karaa kanaf keessumaadha ati” jedhan isaanis.
“Eyyeen keessummaa’a”jedhe
Eessadha biyyi kee eessa dhufaa jirta? gaaffii biraa dhiyyeesaniifi
“Shambuu’a biyyi koo amma immoo wasila koo biran aqaa jira” jedhe Imaanaan.
Warra shaambuu nyaa’u, ugii ,ugaa,a’aa jedhanidha akka kolfuuu ta’ani.
Imaanaan waan isaa dafee galuufi hin dandeenye.Ammas imaltichi cinaa Imaanaa turee horroo
dha maqaa hin waamani akka warra soddaatu lagatu jedhani.

12
Garam deemaa jirtaree jedhan gara Imaanaa ilaalani kitaaba dubbisaa jiran walitti qadaadani
quba isaani tokko fuula dubbisaa jira giddutti haambisani bakka ga’an akka jalaa hin banneef
akeekachuu isaaniti.
Wasilaa koo biran deemaa jira gara Iluu abbaa boor kana jedhe gaashaan Iluu abbaa boor maqaa
dhahuun isaa shakki keessa isaa ture mirkaneefachuu barbaadee tarii yoo akkuma sodaate
konkolaatan inni qabatee beddelle miti ta’eef.Imaltichis ahaa bareedaa goote.
Kutaa meeqaffa barta?
Kutaa saddeti’a jedhe.
Iluu abbaa boori gara kamidha ammas gaaffi biratu Imaanaaf dhiyyaate
Hurrumuu je’ama aanaan isaa.
Hurrummu Biyya Abbaa Gammachis moo.Biyya seenaa qabbeetti biyya goota dhaquuf jirtaka
jedhan.Imaanaan waa’ee gootummaa Abbaa Gammachis baayyee waan beeku hin qabu.Kutaa
ja’aaffa yeroo baratan kitaaba muuziqaa irratti seena Abbaa Gammachis waan xiqoo barreefamee
jiru irra darbe.
Akkami kanaan duratti deemtee beektaa Iluu kana?
Deemee hin beeku yeroo jalqabaafan deemuuf je’a jedhe.
Gidduudhaan bilbilli Imaanaa iyyee.Imaanaan bilbila isaa kisii keessa fudhe yoo ilaaluu adaada
isaatu bilbilaafi jira.Nagaa erga wal gaafatani booda eessa geessetta jette gaafannaan. Gara
imaltichatti galgalee essa akka ga’an gaafate.Arjoo geenyeera jedhin jedhan.Imaananis harkaa
fudhe akka arjoon ga’an itti hime.Amma dhuftu anuu bufata konkolaata beddelettin si eega yeroo
dhidheessa darbitan bilbiliit natti himi na abbuma tokko gaafadhuuti jette adaadan
Imaanaa.Isheen Iluu Abbaa Boor aanaa cooraa magaala cooraa jiraatti turte.Imaalan cinaa
imaanaa ta’u kitaaba dubbisaa jiraniitti deebi’ani dubbisuu jalqabni turan giddudhan arjoon
kanadha biyyi Doctor Hayilee Fidaa jedhan.
Garuu Dr Hayilee Fidaan enyuu akka ta’e beekta?
Hin beeku kana jedhu ture deebiin Imaanas.
Qubee amma sin ittiin barattan kana nama boca qabsiisadha asitti dhalatanii guddatani.Erga hin
beekne mee seenaa Dr Hayilee Fidaan waa xiqqoo irra sitti hima yoos jedhani sagalee ciciratani.
Dr Haayileen abbaa isaa obbo Fidaa Kumaafi haadha isaa addee Guddinee Gadaa irraa bara 1932
akka lakkoobsa biyya kanaatti as godina wallagga bahaa aanaa Arjoo Jimmaa kanatti dhalatee
guddate. Barnoota isaa kutaa 1-5 magaalama Arjoo mana barumsaa Bittiwaddad_Makonnin
jedhamu baratee .Mana barumsaan ani sila qubaan sitti agarsiise sana jechudha.Imaanaan mataa
isaa raasee qalbiidha akka qabeeru mirkaneessefi. Imaanaan qalbiidha isaa dhageefachuu isaa
waan mirkaneefatan fakkatu gad fudhani seenaa Dr Hayilee Fidaa itti himuuf keessi isaani
banamaa ta’e.Sana boodaa Kutaa 6-8 mana barumsaa Qadamaawwi_Haayileessillaasee kan bara
san Naqqamtee keessatti argamutti baratan. Qormaataa kutaa 8 erga dabarraan garaa Finfinnee
deemee waggaa shaniif mana barnoota sadarkaa lammaaffaa Jeneraal_Wiinget jedhamutti
baratan. Haayileen qormaataa kutaa 12 fudhatee gosa barnoota 12 keessaa '10A' fidee '2B' fiduun

13
xumuree. Garuu, waan Oromoo ta'eef sochii barattoota waan gaggeessa tureef akka Yunivarsitii
seenee barnoota isaa itti fufnee ni adabamee. Akka barsiisaa ta'ee hojjetu garaa Harargee Bahaa
Dadaritti ergamee. Achitis Haayileen barattootaf hawaasa motummaarratti kakaasu itti fufee.
Gochii Haayilee kun kan isaan dhibee hoggaantootni mootummaa bara sani Haayileen waan
ijoollee ta'eef ittiin sossobanna jedhani waggaa tokko boodaa Dadarirraa Finfinneetti deebisani
yunivasitii akka seenee baratu godhan. Waggaa afuurif barnoota Geology fi Physics baratee gosa
barnoota hunda A_ykn_qabxii4 fidudhan tokkoffaa bahee eebbifamee. Akka eebbifameenis
barsiisaa Yunivarsiti ta'ee waggaa tokkoof erga barsiisee boodaa Haayileen barattootaa
motummaarratti kakaasun isaa mataa waan mootummaa dhukkubseef ofirraa fageessuf jecha
gara Biyyaa Faransaayitti barnootaf ergan. Achittis Digiiri lammaffaa Sociology And Social
Anthropology barachaa jiru barattoota Itiyoophiyaa bara san Awurooppaa keessaa jiran hunda
mootummaarratti ijaaree sochi cimaa godhu jalqabee. Gochi Haayilee kuni kan mataa dhukkubbi
qorichaa hin qabnee ta’e. Mootummaan Nafxanyaa Haayileerraa Paaspoorti fudhatee akka
barnoota isa itti fufnee godhe. Haayileen garuu barnoota isaatis ta'ee qabsoo isaa itti fufuuf
duubatti hin deebinee. Mana barnootaa Faransaay keessa turee Ekol Naasiyonal Delanzi
Oriyeental jedhamu keessatti qaxaramee barsiisaa barnoota isaa hanga digirii sadaffaatti
barachuu calqabee.Dr Haayileen Awuroophaa keessatti qabsoo jabaata gochuu egale.Haayileen
mootummaan Itiyoophiyaa Paaspoortii isaa irraa fudhatus qabsoo mootummaa Itiyoophiyaarratti
godhu cimsee itti fufee.Kanas haaloota bara san fayyadamuu qabu sadi fayyadameeti.Tokkoffaa
ilmaan cunqurfamtootaa jechun barattootaa Itiyoophiyaa mootummaarratti ijaarudhan gara
qindoominatti jijjiiree jarmayaa Siyaasaa Mee'isoon jedhamu ijaaree sochi jalqabee.Lammaffaa,
Gaafii Uummataa Oromoo Awurooppaa keessatti kaasudhaan faranjootaaf barattoota Afrikaa
dammaqsuu jalqabee. Haala kanaaf akka mijaawuf meeshalee itti qabsoo sammuu godhu
mijeeffatee. Barruu akka gaafitti qopheeffatee "Afaan Oromoo barreessuf qubee Laatinimoo
Qubee Gi'zii fayyadamuutu wayyaa?" Jedheet barattoota Itiyoophiyaatitti dhiheesse. Warri
habashaa taatee akka hantuuta adurreen itti dhufteetti rifattee gumgumtee. Ijoolleen Oromoo garu
'Haayilee leencaa Keenyaa jabaadhu itti fufi nutu si wajjin jira' jedhaniin.Kun kan ta'ee bara
1972.Dr Hayileen gi’iiziin jecha afaan oromoo guutummaa guututti ergaa gutuudhan dabarsuu
akka hin dandeenye waan hubateef qubeewwan laatini bu’uura godhachun qubee afaan oromota
har’a kana caasessu danda’era. Dheeressu, gabaabsu, hudhaa, qubee dachaan martinuu wal
tumsani ergaa guttu dabarsuu akka danda’aniif nama wareegama dorgomaa hin qabne oolmaa
guddaa saba oromoo irra qabanidha.Fakkeenyaaf sirna barreefama saabaan yookan gi’iizin jechi
qare jedhuufi qarree jedhu adda baasuun ni ulfaata yoo akkaata galumsaan ta’e malee.Bara 1973,
qubee 35 laatiniirraa uumee qubee kanaan seerlugaa afaan Oromoo barreessee magaala
paarisitti maxxansiise. Maqaan kitaabaa kanaatis Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo
jedhama.San boodaa, ammas kitaaba lammaffa isaa Bara Birraan Bari’e jedhu barreese
maxxansiise. Haayileen seenaaf afaan Oromoo barattoota Oromootif faranjootaa barsiisu itti
fufee. Haayileen waan humnaa ol ta'ee tokko waan humna qabu biraatti hirkatini ofirraa yoo
dhiiban akka ba'aan namarraa salphisu waan hubateef, sochii warraa sooshaalistoota keessaa
seenee barreessaa olaanaa paarti siyaasaa French Socialist Party ta'ee. Achii keessattis
Haayileen faranjii hunda unkuree faranjoonni hundi rabbii gaditti namni hanga Haayilee hin jiru
jechuun seenaa isaa Awurooppaa gututti facaasan. Keessaattu, biyyaa Faransaayi keessatti
Gazexeessitootni maqaa Haayileetifi waan inni dubbattu barreessu hojii godhatan. Kunimmoo,
mootummaa Itiyoophiyaatif Mootummaa Faransaayi baayyee waan yaaddesseef Haayilee
adamsuu itti fufan. Haalli kun itti cimee jennaan Haayileen hadha mana isaatif ilmaan isa dubra
lama Faransaayitti dhiisee Jarmanitti baqate.Akkaata kanaanidha kan qubeen amma sin itti

14
barattan kun argamee jechudha jedhani ta’umsa irra waan turanif quba harka isaani wal keessa
galchani achuma taa’ani akka hixachuu godhatan.Imaanan sirnaan isaan caqasaa waan jiruuf
sodaa keessa isaa ture keessa badeera amma eessa jiruree Dr Hayileen jedhe giddutti karaa
foodaa konkolataa irraan gadee yoo ilaalu bishaan dhidheessatu calalaqa goodaa keessa irraan
gade dhidheessa ga’era konkolaatan jaraas. Bishaan gudda mul’atu sun dhidheessa ta’uu isaa
mirkaneefachuuf barbaade dhidheessi sanaa jedhe quba akeektu isaan akeeke. Imaltichis eyyeen
jedhani.Silaa amma eessa jiruree jette na gaafatte turte.Imaanaan mataa rasee akka gaafatee ture
mirkaneessefi.Amma immaa eessa jira jedhani yaadan badani xiqoo callisani.Imaananis callise
maal akka isaan yaada jiran waan hin beekneef.Isaan sila otuu akka Dr Hayilee jedhetti biyyi kun
hogganamteetti ta’e silaa yoona eessa geessi turte.Biyyi kun yookan hin beektu yookaan beeka
ishee irraa hin baratu gadi badii wayiti jedhu keessa isaanitti.Beekaafi hayyu meeqa qooda
beekumsa isaatti dhimma baatee of jijjirtu kan ariitee biyyaa baasti kaan iddoo maletti qabdee isa
galaafatti.jedhani of keessatti hasaasa deemu.Amma laga dhidheessa qaxxamuruuf jedhu
riqicharra ga’ani Imaanaan karaaa fodda morma isaa yaasee ilaalu jecha.Bishaan guddaa dhiga
fakkaatu toora gale walfaana yaa’u xis xibsi hin jedhiina waan jedhaman fakkatu akka bishaani
hin hursani.Jaallatanis miti bakkichi waan isaan wacisisu dhagaan yookan kattaan irra gad
dhangala’u waan jiru miti.Kanatu tasgabiin akka deemanif afaani isaan lugamuu hin olle malee
otuu waan irra gad dhangala’an otuu qabaatan hursii isaaniyyu achi nama hin dhaabu.Imaana
akkuma morma baasee jirutti wayyoo horii fudhateeka bishaanichi jedhe. Imaltichi yaadaan
liqinfamuu isaa keessa ba’e horii maliti jedhe yoo ilaalu dubbiin akka Imaanaan yaadee osoo hin
taane roobitu bishaan keessa gangalataa jira. Innoo horii miti Roobiidha jedhe.Akkasimoo jedhe
sirritti ilaaluf yoo inni ijasa garasitti ergu inni bishaan keessa seene kan biraa achuma cinaadhan
luf luf jedhani bishaan ol facaasu.Imaanaan roobii arguu isaatti waan itti tole fakkata of keessatti
gammade. Akkuma dhidheessa ce’aniin Imaanaan adaadaa isaaf bilbilee hime.Ishenis tole anis
nan ba’a sin durseen achi ga’e jette.Cooraan beddelle irra fagoo waan hin taanee
jechudha.Imaltichi waan qalbii isaa fudhee yaadaan isaan fageessan keessaa waa’ee roobii
bishaan keessa sana Imaanaan hoori jedhe sanan waan dammaqaniif.Hii sana maal maaltu akka
ta’e beektaa?Dr Hayilee Fidaan baratoota Itophiyaa biyya alaa jiran waliin sosochii guddaa
taasisa turan sana amma immo humna isaani jabeefatani qabsicha jalqabni.Bara 1959 hundeessan
bara 1960 tti immo danbiiwwan ittin bulmaata hunda erga basani kaayyo isaani ummataaf ifa
godhani.Dhaaba siyaasa Mee’ison kan hundeessan
1. Dr Warquu Feredee
2. Dr Kabadee Mangashaa
3. Dr Kadir Mohaamed
4. Dr Negede Gobezee
5. Dr Hayilee Fidaa
6. Obbo Hayiluu Felleqee
7. Obbo Duubaa Galmaa
8. Abbaa Hagoos G/hiwot fi namoonni 25 koree hojii raawwachistu ta’uudhaan ni
filatamani.Koreewwan hojii raawwachistu kana keessa namoonni 17 Firaansitti argamuudhaan
hundeefamuu dhaba isaani labsani. Dr Hayilee Fidaadhan immoo dura taa’aa dhaabichaa

15
gochuudhaan filatani.Kaayyoon guddaan dhaaba kana hundeessu isaani lafa qonnaan bukaadhaaf
debisuu dabalatee cunqurfamtoota biyyatti cunqursaa jalaa baasuudhafi.Dr Hayileen akeeka
siyyaasa ammayya nama qabudha. Erga biyyatti deebi’ani motummaan Hayile sillaase angoo irra
buufamee boodee mootumma dargii waliin hiojii irra out jirani wal dhabdeen siyaasa dhaba Dr
Hayilee fidaa fi Dargii giduutti umame.Kanuma irra ka’uun Konole Mangistuu Hayile Mariham
miseensota dhaaba siyyasaa mee’ison adamsani angoo mootummaa isaani jala baasuu
jalqabni.Kana booda Dr Hayilee Fidaafi miseensonni koree hojii rawwachistu 19 fi miseensota
nama 500 waliin toofta qabsoo isaani jijjiiruuf dhoksaatti wal argani mari’achuu
jalqabani.Kayyoon isaani qabsoo isaani gara riphee loltummaatti of jijjirani otuu hin durfamiin
dursani mootumma dargii irratti lola banani angoo irraa isa busuu ture. Kun kanaan otuu jiru
guyyaa shan boodee konoleel Mangistuun dhaaba mee’isonin balaaleffacchuu isaani ifaa ifatti
hagayya 26 bara 1977 labsan.Dr Hayilee Fidaanifi Jaallewwan isaas mana hidhaatti guramani.
Dararaa waggaa lamaa booda Dr Hayilee Fidaan ni ajjeefamani. Ajjeecha Dr Hayilee Fidaa
konolel Mangistuun Haalanis Hiriyaan isaa Andargachew Xurune dhugaa bahaniiru. Akkasittin
lubbuun goota kana baddu baate jedhanii seenaa akka malee garaa nama nyaatu kana Imaanaaf
seenessani. Imaanaan seenaa kana dhaga’ee garaansaa baayyee gadde. Dhugaa Dr Hayileen
Oromotaa qofa miti biyyarra darbee addunyaa kanaa qoricha guddaa ture. Garuu maal godha
daba mootota beekumsi itti hir’aten beektonni qooda isaani biyya jijjiiruu keessatti akka bahatan
osoo hin taane lubbudhaanu turani akka hin jiraannef kan isaan iddo maleetti ajjeessani biyyatti
gaaga’ama hagas hin jedhamne keessa kani isaan buusani darba.
Imaanaan seenaa dhaga’a ture qalbiidhaan waan qabate fakkaata. Wahilli isaas nama jabaa akka
gaaritti seenaa biyya kana beekan ta’u hin oolan.
*********************************************************
Danuun barataa qormaata kutaa jahaffaa fudhachuu qophaa’udha.Barnoota isaa irratti cimaa
waan tureef al lama gara kutaa itti aanutti akka utaalu godhameera.Qormaata fudhachuu itti
deemanitti qophii gahaa gochuu barbaadus maaltu akka isa jibisiisu hin beeku malee akka
duraani barnoota jaallachaa hin jiru.Danuun dubbisaa yoo barruule isaa banatee gad taa’u
himimmaan achii dhufeen isaa hin beekamne ija isaatti gutee dambalii’e dhangala’a.Maalin ta’e
jedhe ofirraa haxaawwate dubbisuuf yaalus isa irra dhaabachu hin dandeenye. Inumaayyu itti
caalee isa rakkise.Waan dubbisa irra turuuf iji isaa waan midhame itti fakkaateefa boqonna ofiif
keennu yaala. Garuu falli argamuu hin dandeenye.Ta’us abdii kutatee harka hin kennine akka
duraani salphumatti qabachuu dadhabus dubbisa hin dhabne.Qormaata tokko tokko yeroo
fudhatan Danuun waanuma beeku dogogoree dhabuu baayyise.Akkamiin akka dogogore beekuu
baatus.Guyyaa qormaataaf beellamame genyaan baratoonni hundi mana barumsaatti argaman
hubannoo dhimma qormaatan wal qabatu fudhachuu enyuu biraafi akka taa’aniifi kutaa kamitti
akka qoraman adda baafachuu jecha.Dursaan barsisota qormaata keennu dhufani Barsiisaa
Olaani Amanuu baratooti bakka walitti qabamani jiranitti namuusa qormaatafi halaa qormaatichi
itti keennamuuf deemu itti himan.Bor ganamaan dhufuu qabdu. Qormaanni keessani ganama
sa’atii 2:30 itti eeala waan ta’e. Tarii baratonni manni keessan fagoo ta’e yoo jiraattan ganamaan
argamuu yaala.Akka sinitti hin guyyaane.Dabalataan wayita qormaata hatuunis ta’e hachisiisuun
qormaaticha irra nama ariisisa.Kanaaf kan keessan kan keessan qofaa hojjedha. Akka isin wal
irraa hin waraabne abdiin qaba.Barataan barsiisota jajjaboo akka Hinkoosaa Filaattee, Gaddafaa
Ayyaana, Olaani Hulluuqa, Addunyaa Gizawuufaa irraa barattani qormaata hatu hin jedhu
ani.Barsiisonni kun mana barumsaa bonee abuunaa irraa kaasani mana barumsaa saqalaafi

16
bakkota adda addatti baratoota qaruu irratti qoodi isaan qaban waan laayyoo hin turee. Kanuma
irraa ka’aniti barsiisaa Olaani kan isaan akkana jedhanifi.Akkuma isaani barsiisota jajjaboo ta’uu
isaani waan amananif.Baratoonni wayita qormaata dhiyyaatan sodaachuun waan hin olledha.Kan
sirnaan itti qophaa’e qofatu xiqqo ishee sodaa hin qabu male.Baratoota qabxii ol’aana
galmeesisuu danda’u jedhamani eegamana keessa Danuun barataa jalqabaati.Barsiisaa
Addunyaan gara fullee baratootaatti ba’ani. Baratoota nagaa erga gaafatani boode.Hasaa
baratoota onnachisu baratoota isaanitti hima, sodaan akka hin barbachisan ofitti amanamummaa
akka qabaatan hubachisan.Ijaa gara Danuu ilaalani nyaara isanin Danuu xuqani akka isin maqaa
mana barnota keenya waamsistan abdiin qaba ega jedhani ilkaani saqaani akka kolfuu godhani
faara ifaan baratoota ilaalan.Borumataasa akkuma jedhame baratoonni yeroodhan argamani
ulaaga qormaatichaaf barbaachisu hunda guutatani.Qorumsi kennamu jalqabe baratoonnis
namusaa wayita qormaata barbachisu kabajani qormaaticha xumurani.Baratooni nagaa wal
walitti dhaamani carraa gaarii waliif hawwa amma bu’aan qormaata dhufutti turuuf
dirqamani.Baratoonni tokko tokko abjudhan qormaatich akka kufan argani kan dhiphaacha ni
jiru. Dhugaa na kufa jedhani.Silaa abjuun dhugaas sobas qaba.Qormaanni erga kennamee waan
bubuleef deebin isaa hawwiin eeegama jira.Akka bara si’ana kana deebin qormaata toora
interneetan ilaalama osoo hin taane waraqaamti ragaa isaa yeroo dhufudha kan baramu.Bu’aan
qormata dhufe jechaa dhaga’ani baratonni mana barumsaatti walitti qabaman.Barsiisonni Mana
barumsaa Danuufa biroo keessa taa’ani yaadaan dhiphacha jiru.Akkamin akkas ta’u danda’e
jedhani wal harkaa fudhani dudubatu.Baratoonni baayye sodan keessa jiru kan kufuuf darbuu
sodaata kaan meeqa akka fide baruuf jarjaree dhiphata.Murasi isanimmo akkuma bu’aan
qorumsaa deebi’eyyu kan osoo hin dhaga’ani hafani mana barumsaatti hin argamnees ni
jiru.Barsiisonni Daanudhan birootti ol isa waamani.Danuun yeroo waamu akka rifachuu toko
ta’e. Biroo seene barsiisonni ta’umsa irra naanna’ani ta’a turani Danuu harka fudhani nagaa isa
gaafatani.Gammachuu fula isaani irraa waan hin mul’aneef rifaatuun Danuu itti caale.Barsiisaa
Adunyaan takka isa ergi haasobsiisani maal akka hojetaa ture Danuun. Sana booda kan si
barbaannefi Danuu jedhaniI waraqaa adi irra kobbe isaanin sasararuu egalan.Danun maal akka
ta’ee isaaf galuu didee.Deebi’ani ol jedhani egaa qormanni akkuma maqaa isaa
qormaatadha.Takka takka akkuma hijetanin bu’a gariin namaaf deebi’a takka takka immo otuma
hojjetani sababoota tokko tokkon tuqaa gaariin deebi’u dhiisu ni mala. Fakkeenyaf yeroo deebiin
deebi’u tasa wal jala dabarsinaa qabxii gariin dhufu dhiisu ni mala.Tarii sinis kanumatu mudate
ta’a xiqqo ishee amma yaadamefi eegame ta’u baatus qabxii gaarii fiddeta jedhani.Danuun
otuma ta’e dhaggeffatu hiddi hillee isaa lamaanin ka’e dhaabate iji isaa barbada ibbidaa
fakkate.Iyyuu barbade of keessatti ukkamsee qabate.figufis akka isaa wallale harjajja’e akkuma
taa’e jirutti hafe.Barsiisa Gaddafaanis abshir gurbaa kun homaa jechuu miti inni guddaan darbuu
keti, kan amma kana hin fidneyuu guutani xiqqosin madaluu ture jennetudha male jedhani.Yoona
kana Danuun himimmaan ijasa garanaaf garasin akka dhagaa tabba guddaa irra gadi konkolaatu
irra dhangala’an. Daddafe otuu namni isarrati hin bariin ofirra haxaawwate ol jedhe. Inni
dhoksuu haa yaaluu] iyyu male irratti baramuun hin olle. Dhisi hin bo’in kun hooma miti
kufuunu jira. Inni guddaan darbuu keeti. Amma wanti ati gochuu qabdu isa itti anuuf cimtee of
qopheessudha.Danuun akkuma isaatti of jajjabeesse gara manaatti gale.Matiin bu’aa qormaata
hawwiin eega jiru. Keessuma obbolonni isaa lama Mijeessafi Ittaanaa.Danuun akkuma mana
ga’een bu’aan qormaata isaa akkam akka ta’e gafatan. Inni garuu itti himuu dhise bira darbe gara
manatti ol seene.Gocha isaa kana rifate Mijeessan dukaa bu’e.Isaa waraqaa raqaa isaa minjaala
fullee isaa jirutti achi darbate ofirra gad ta’e.Mijeessan yoona kana olfudhe yoo ilaalu ijaaf
amanu dadhabe.Ittaananis dhufee akkamin akkas ta’u danda’e jedhani wal harka fudhani

17
ilaalani.Xiqqo erga yaadaan liqimfamani boodee.Mijeessafi Ittaanaan wal ilaalani tarii itti
tochametu ta’a jedhani wal gaafatan.Sana booda gara Danuutti deebi’ani.
Barrulee kee namaaf ergiste beektaa? jedhe Mijeessan.
Danuun xiqqo itti yaadee booda lakki jedhe.Garuu sobeetu malee in ergisa ture.
Tasumaamo jedhe Ittaananis?
Bor-tolaamaafidha jedhe.
Wal ilaalani lammata barrule kee namatti hin kennin jedhani.
Danuun haasaa isaani hordofee mallattolee tokko tokko yeroo barrulee isaa ergisu argu
yaadate.Garuu Bor-tolaan akkana godha jedhee shakkee hin beku.Al tokko tokko baruule isaa
irratti dhiga arga ture.Malidha dhigni kun jedhe Bor-tolaa gaafannaan galgala otuun dubbisuti
gergootu irratti du’e dhigasatu itti bu’e jedhera. Innis dhugadhuma se’e amanee dhiise.Guyyaa
biraas walakka barrule isaa keessatti coqorsa argee ture.Maal akka ta’e gaafasis gaafannaan.
Kaleessa otuun loon kaloo keessatti egaa jiruun irraa dubbisaa turen eessa akka ga’e itti adda
baafachuufan keessa kaa’e ture jedhe deebiseefi.Danuun waan inni itti himu kana dhuga se’ema
amana waan isa gowwomsaa jiru itti hin fakkane.Sana boodee hala isaa kana shakke isa
hordofuu jalqabe.Hiriyyoomni isaanis jabaatadhufe.Duraan Bor-tolan barnoonni isaa akka
salphaatti waan hin galleefi ta’us amma xiqqo ishee isaaf wayya.Kutaa jahaaffatti al lamas
kufee ture. Kan inni darbees ergi Danuu waliin walitti dhiyyachu jalqabeeti.Danuu barnoota
duraan akka bishaani dheebotu akka midhaani beela’u amma ijaan argaaf jibbuu jalqabe.Kana
malees Danuun baratu kutaa isaa tokko irra iji isaa bu’e jira.Nadhii jedhamti bareedi ishee
ajaa’iba. Danuun ishee waliin hasa’uuf ija jabina dhaba.Warra kaan waliin garuu akka garaa
isaa taphata.Keessuma shammarran baayyen Danuu jaalalaf kan barabbada lakkobsa hin
qaban.Nadhiin akkuma warra kaan walin taphatu otuu ishee walinis taphate ni jaallati.Danuun
ishee jaallatee waan jiruf akka irratti hin baramneef jedhe waan irraa baqatu fakkaata.Hatee
hatee ishee ilaala.Tasa iji ishee isarra buunaan akka nama hate ishe saalfata.Nadhiin magaala
qal’oo dhaabbiin isheeti leemmana fakkatudha.Qajjisi mataa ishee dugda ishee gubaa
ciisaa.Ilkaan ishee akka hoomaa waraana toora galani dhaabatu.Kan dheerate tookan
gabaabbate hin jiru martuu akka nama soofee wal qixxeessetti biqilaniru.Yoo bareedachis
ilaalan kan irraa adda gochuu waan uumaan yeroo fudhatee ishe kulee kukulee namatti
fakkaata. Kaarruun ilkaan ishee yoo kofaltu miti xiqquma seeqnanu onnee dargaggesse
bitintinii isaa baasu.Nadhiin dargaggeessi meeqa isheetti dhiyyachuu yaalus eenyumaaf faara
ishee kennite hin beektu.Danuunis kan ilaaleti kan inni suta sutaan jaalala isheen dhaalama
jiruufi..Nadhiin hala isa kana ilaaltee akka inni ishee jaalachu hin oole shakkiteetti.Onneen
ishees jaalalan booji’amuu jalqabeera.Garuu kan afaani baase walitti himutu dhabame
male.Danuun akkuma amala isaani Bor-tolaa waliin barnootaa galani gara laga faarsi
dhagani.Waa malee dargaggeessi laga sanatti hin marmaru.Baabura bishaaniin midhaan
daakutu jira lagicha. Shamarran bakkaa bakka midhaan daaksifachuuf laga sana yoo dhufaan
achitti qabdoo isaani waliin waal wal arganif laga kanatti dargaggeessi wal gaha.Danuufi Bor-
tolaan waa malee har’a akkuma barumsaa galaniin gara laga baabura hin dhaqne waatu waatu
jira.Akka Nadhiin har’a midhaan daksifachu lagicha dhufuu dandeessu oddefataniru.Lagni
faarisi baburoota midhaan daakan sadii qaba.Tokko baabura lammeessa jedhama. Goodaa
babal’ii gararraadhaan shookise bakka jedhamutti argama. Inni lammaffan isa irraa deemsa
daqiiqa kudhaani waan hin caalle irratti kan argamu finchooftu bishaan hursaa jedhamu

18
gararratti michoota lamaan Dhaabafi Xaafa jedhamani kan dhaabbatedha. Kan sadaffaa
baabura baqqaanati.Baaburri kunis isaanumaan olitti fageenya muraasa irratti argama.Haalli
hojii irra oolmaa baaburoota kana waan nama ajaa’ibudha.Bishaan saqaala, cunqullee, qun’ii,
goortoo fi caabir irraa wal walitti dabalamani dhufan laga guddaa ta’ani tabba gamanaa faarsi
jedhamuufi gamaa basuu jedhamu giddudhan wal cabsaa yaa’u. Yoo isaan wal cabsa wal
darbachaa furgiggifama deemaan akka nama maraate fakkaatu.Yoo kan waca isaan safuu Takka
huuuu waan jedhan fakkatuu takkamoo shuuuuuu jechuu hin ooolani.Xiqqo lafa wal qixxaata
yoo argatan immo tasgabba’ani deemu. Sagalee isaani homtuu hin dhaga’u.Hoomni isaa itti wal
darbacha deeman yoo ilaalan nama dhibaa.Dhagaa gangalchuun isaniif haara miti.Yoo
gudeelcha silaa saggotti fudhani baduu yoo tasa mukti biraa irratti qabe hambiseen kan
hafe.Humni isaan qaba kana arganiti jiraattonni achis kan isaan baabura midhaani kana irraa
maddissuu danda’an.Bishaan yaa’u irraa xiqqo dabsanii muka gurguda irraa akka gabateetti
soofani bishaa irra dhangala’e akka inni dhagaa daakuu baabura midhaanichaa sochosu kan
isaan godhani.Bishaan haala kanaa jallifame humna guddaadhaan dhaqee yeenna inni dhaaga
daakuchaa naannessu midhaan gubaadha bakka daakumsaaf qophaa’etti yoo naqamu kan inni
sukkumeesee bulleesse akka nyaataaf ta’utti daakee gad yaasu.Sagaleen baabura bishaani
midhaan dhaaktu kun shiwu shiwu shiwu jetti.Baayyesu nama hin jeeqsu yoo hursa
bishaanichaa ta’e male.Isa daakte immo bis bis bis gocha daakame bulla’uu isaa mirkaanesite
gadi baasti.Harmoolin naanicha jiraatanif hojii harkaan midhaan daakani nyaachuf furmaata
guddaa ta’eera. Jiraatooni baayyen naanno dimbee, basuu,waabbo goortoo, qun’ii,Fooqaa,
Daannisaa, gujii, baddaa boroo,farisi laaftoo booshi, yaantoo, kattaa bollo fa’a fayyadamtoota
baabura bishaani bara sanati.Danuu fi Bor-tolaan kattaa irra taa’ani laga hoomi gama saddeqa
taphataa jiru.Bakka kan isaan filataniifi Nadhiin karaa harbuu allaatin dimbeeti wan gad
dhuftuufi dafani ishee arguuf bakki mijaataan achi waan ta’eefidha.Danuun otuma saddeqa
taphatu giddu giddutti ammas ammas dhufaati Nadhi gamatti mimil’atee ilaala.Nadhiin akka
Danuun achitti ishee eeguu quba waan qabdu fakkati Bor-tolaan gurra buusera. Warri mana
ijollee xiqoo bira buusani erguuf jennan lakki ijoollen olla jiru isaan waliinan deema jette of
biraa hambisu yaalte.Maatin garuu dirqiimaan dukaa ergani.Nadhiin akkuma mana baatee
obboleetti ishee xiqqoo ishee waliin ergamte qoraatin laga sana si warrannan an keessa hin
qabu.Kana malees qeeransi ijoolle xixiqoo akka kee arginaan bira hafu qabee si nyaata jette
sodachiste of biraa deebiste.Silaa ishee tarii Danuu waliin yoo wal argani galte akka isheen hin
dubbannef toftaadhaan of biraa deebisu isheeti. Danuun Nadhii eege eege dadhabee hafuu hin
ooltu kana boodee hin dhuftu jedhe Bor-tolatti galagale.Guddudhaan shamarran ba’a dugda
isaanitti baatani afur ta’ani qarreeraa gadi deema jiru.Isaan keessa Nadhii ijaan barbaadani
dhabani. Deemsi isaani tokkomtu kan Nadhii fakkaatu hin turre.Danuu kana boodde hin dhuftu
silaa isaan waliin dhufti turte jedhe.Boor-tolaan amma dhufti takka eegna jedhe taphatti
deebi’an.Isaan akkas jedhani otuma hin turin Nadhiin karaa harbuu allaattii harreetti midhaan
feete ofii ishees dugdatti baatee dhufte. Si’a ishe argu Danuun lafa taa’u utaalee ka’ee dhuftaka
jedhe.Bor-tolaan dhugaa jedhe bakkuma taa’ee jiru taa’ee morma isaa naannesse ilaale.Danuu
saddeeqa harkatti qabatee jiru lafa naqee qajeele.Bortolaan afadhu isa jalqabne xumurree
deemna jedhe.Danuun garuu turu hin barbaanne.Halasaa kana waan hubate ta’uu hin oolee
Bortolanis waliin bu’e xiqqo akka deemani foorice.Nadhii waamuu isaati gaashaan.
Mal taate jedhe Danun.
Hooma jedhe deebii Bortolaati.

19
Nadhiin gara forica dhageesse yoo ilaaltu.Bortolaan harka isaa ol kaase sosochoose akka isaan
agartuuf.Nadhiin isaan argite akka dhaabachu taate. Durumaa beeka teella deemti akka isaan
ishe eguu danda’an quba waan qabduuf malee shamarran afur ta’ani dura ishe turan sana
qaqqabachu ni dandeessi ni turte.Danuufi Bortolan dhaqani ishe dubbisani ba’a ishee irra
fudhee Danuun saggoo isaarra buufate qajeelan.Qopha ofi bosona sana keessa durbaaf haa
turuu dhirumaafu sodachisaadha. Laga hoomi qarqara gorani malkaa xiqqoo tokko ce’ani.
Bishaan guddaa sana ce’uf harree irraa fe’isa hikani saggootti baatani gamatti
ceesisaniif.Nadhiin riqichira ce’uu sodaate jennan Danuun harka ishe qabuuf dhaqe. Isheen
garu itti utaalte morma isaatti maramte.IDanuunis hin mormine.Calamattiyu ofitti qabee laga
ishee ceesise. Bortolan haala isaani kana dhabatee ilala ture. Dhaqani dabaree midhaan
daaksisfanna qabatani taa’an.Dargageessi gamaa gamana achitti walitti qabamuun waan
baratameedha.Keessuma qabdoo isaa barbaacha kan dhufu lakkobsa hin qabu.Goofaree isaani
fiffilatani rigaa muka ulumaayya murani boca itti baasani sararani kukkulani ilkaan isaani
rigacha qabdoo isaani lagicha taa’ani eegu. Kana malees ijoollen durbaa bishaan gudda ce’uu
waan sodaatanif gargaarani laga ceesisufis achi jiraachuun dargaggoota fayidaa guddaa qaba.
Sababa kanaan kan wal jaallatus hin dhabamu.Dhaqani lagaa baaburri midhaana itti daakamu
sana ga’ani dabare qabatani taa’an.Dargagoonni baayyeen akka waan mariin dargaggootaa jiru
namatti fakkaatun laga kanatti walitti qabamani jiru.Dargaggeesi magala hojjaan isaa
giddugaleessa ta’e tokko lagicha ture.Akkuma Nadhii argeen akka waan bakakkaan isa irra
bu’etti rifatee Nadhiidhaan ilaale.Garuu Danuufi Bortolaan waan bira jiraniif waan godhu
wallaalee callisee hate hatee ishee ilaalu jalqabe ijaa isani ilaallate.Danuu Nadhiifi Bortolaan
godoo xiqqoo robaafis aduufis yaadame ijaramteettu achuma baabura midhaan bira jirtu bira ol
siqani ta’ani taphatu gudeelcha tokko irra.Otuma taa’ani taphataa jirani Bortolaan harka ol
fudhee sagoo Danuu irra dabarse akka isa ammachuu tokko godhe.Yeroo kana waatu bobaa
Bortola jalaa saggoo Danuu quqquuqe. Ariitidhan maaltu na quuqaa jira bobaa kee jala
gaafachuutti hin jarjarre.Obsa godhate maal kudhaama hojii tolcha ta’uu hin oolu jedhe waan
shakkef akkamiin akka harka isaati baasuu danda’u xinxaluu jalqabde.Bortolaan haasaa Nadhii
waalin gochaa jiranitti yaanni isaa waan hatameef maal waan bobaa isaa jala jiru dagatee
jira.Danuun taphaan qabu ittumaayyu Bortolaan akka qalbiin isaa booji’amu godhe.Hinaaffan
isaa silaa kan biraadha.Amma akka yaada isaati Nadhii iyyu ofii isaa jaalachuu waan kajeelaa
jiru ta’uu hin oolu.Danuun qalbiin isaa hatamee jira.Taa’e mala dhaha akkamiin kudhaamicha
akka harkaa fudhuu.Ituma taphatani taphatani akka waan ofii isaa qirqiddaa soaadatu of
fakkeessu jalqabe Danuun.Bortolaan hin sodaatamoo jedhe ittuma caalchisaa isa qirqiduu
kajeele.Yeroo kana akka baqachuu taanaan Danuun inni duukaa bu’e Nadhii achitti
dhiisani.Takka bosonaa keessa ergi baqatee baqatee Danuun waan dadhabe of fakkeesse
Bortolaa jalatti kufe.Bortolaanis isa qabee qirqiduu jalqabe.Kun kanaan out jiru.Danuuf humni
tokko eessa akka dhufeefi kan hin beekamne Bortolaa galagalchee ofiisa irra ta’e.Otuu yeroo
itti hin laatiin kudhaamicha bobaa isaa jalaa butee kutee ka’ee baqaa jalqabe.Yoona kana ture
Bortolaa akka saree maraattee Danuun duukaa bu’uu kan inni jalqabee.Bosonni boosana
Danuun Danuudha.Durattu fiigichaan namni isa qaqqabu hin jiru.Bosona keessa akka kormaa
bosonuu utaala takka asi ba’e takka achiin ba’ee bosona keessa luklukee jalaa bade.Bortolaa
dafqi naasuu irra cite.Wayyoo Nan salphadgee ani jedhe.Gara dhaqu dhabee waan godhus
wallaale.Iyyuuf akkasaa wallaale.Dhisuuf salphachuu jira.Danuun bosona keesa akkuma
Bortolaa jalaa miliquu isaa mirkaneefaten achi fagaate dubbisuuf barbaade bakkuma duraan
saddeeqa taphaacha turaan cinaadhaan dhagaa guddaa tokko yaabee kudhaamichi maal akka
ta’efi maal akka of keessa qabu dubbisuu barbaade gad ta’e.Bortolaan asi achi labee Danuun

20
lafa lixe isaa dhabe.Dhufee Nadhii gaafate tarii yoo gara isheetti dhufeef jedhe.Isheen waliin
wajjin deemtan miti jette gaaffi isaa gaaffiin deebistefi.Ijoolle ollaa ishee waliin taphachuutti
deebite.Bortolaan abdii fala waan dhabee fakkaata.Mee tarii qarreetti ba’e ilaaluu laata tarii yoo
gammatti isa argeef jedhe gara qarree baasutti laga baaburaa keessaa ol ba’e.Danuun akkuma
dhagaa guddaa sana irra taa’en xaxaa kudhaamicha sodaa tokko malee hiikuu jalqabe.Fo’a
dimaadha xaxamee xaxamee waan jiruuf akka salphaatti isaaf hikamuu hin dandeenye.Akka
tasa jalaa hin cinneef of eegganno guddaadha suuta jedhe hikuu jalqabe.Isaa hiikee dubbisuuf
jedhu sagaleen deemsa faana nama fakkaatu dhaga’amnaan utaalee ka’e dhaabate. Shakkiin isa
Bortolaan tasa natti dhufinna jedhetu.Garuu tapha qamaleen dirree xiqqo gararraa isaa jirtu wal
aritee taphatuttu deemsa namaa itti fakkaate malee Bortolaan waan isa faana dhahee dhufe
miti.Abjuun bara beela buddeena buddeen jetti jedha oromoon keenya gaafa
makmaaku.Danuunis waan garaan isaa yaadaa jiru dhugaa se’eti kan inni rifaatefu.Icciti
waraqaa kudhaamicha keessa dadachaate jirtu sana dubbisuuf waan jarjaree fakkaata
Danuun.Bortolaan yaaliin isaa qarreetti ba’e Danuu ilaaluuf godhe waan isaaf milkaa’e
fakkaata.Danuu lagaa hoomii gararradhan bakkuma sila saddeeqa taphacha aturan san taa’ee
gad jedhee waa qoroqoraa jiru arge. Bortolaan kudhaamicha hiikadhaaf waan inni gad jedhe
qorqoraa jiru ta’uusa hin shakkine.Akka Gaangee hidhaaraa jirtu kaannisi dhaqxee ciniinte
hidhaa kuttee baqa ximbiriirtutti Bortolaanis muka irra mukaati darbaa, qomonyoo reejji,
araarsoo biqiloota xixiqqo baayye ol hin guddanne irra utaala irraan gadee kattaa basuurra
gangalata dhufe.Namni gamana taa’e gammatti haala fiigicha isaa kana ilaalu dhugama namatu
akkasitti figaa osoo hin taane qandee bosonuu adamoon itti dhufee lubbuu isaa baafachuu
kahatu namatti fakkata.Waanuma amma kana kufee lafeen isaa gargar fellamu wayiitu ija nama
duraa dhufa.Bortolaan naasuudhan waan dhaalamee jiru yoo kufeef gangalateema ka’a malee
kufe jedhe achiin hin hafu.Akkanaan otu figuu laga baabura akkuma ga’een kufuun isa dhoofte
lafatti isa dirirsite.Yoona kana ture harroonni midhaan daaksifamuf dhufe baatani dhufani
wareerani gara namni jirutti kana gugatani.Obbo Dhabaan si’a isaan eeboo isaani butatani
namni hin beeku.Dargaggoonni lagicha turani waanuma aragatan fufdhatani bosona keessa asif
achi manca’ani riphani.Obbo Dhabaan xuufootti dahatani suuta qaxxisaa mila fudhaa outu
jirani dargagoota lama qabdoo walii ta’an baala bakkannisaa afatani dhungoo irra jiran tokkotti
ba’an.Jarris figichi Bortolaa isaan naasifnaan dhungoo isaani addan kuatani taa’a jiru.
Maal isheen amma asin dabarte jedhani obbo Dhabaan.
Gurbaa tokkotu amma asiin fiigaa darbe jedhan.sagaleen isaani cicicta jira waan rifatani ta’uu
hin olani.Isaani akkana jecha wal harkaa fudha jiraniDargaggonn bakkicha turan Bortola laga
gammatti ce’e irraan ole figuu argani maal taata figda gurbaa jedhan.Bortolaa homaayyu waan
dhagahe hin fakkatu.Dhugaas qaba hursi bishaan lagaichaa isaa laga gama jiru haa turu
warrumti wal cina dhabatanu wal dhaga’uun rakkisaadha.Obbo Dhabaan gara godoo baabura
cinaatti ijaaramte jirtu sanatti deebi’ani.Ogeessi baabura midhaani sana hoganu
yokaan daaksisu Gaddafaan malidha obbo Dhabaa jedhe sagalee isaa ol fuudhe. Sila laga
baabura kanatti sagalee gad qabani yoo dubbatan wanti dhaga’amu hin jiru hursa bishani
male.Hundu akka nama walirra fagoo jirutti waluma bira taa’e sagalee guddan waliiti odeessa.
Dargaggeessa tokkotu fige darbe jedhan harronni isa wareertee qabachuu hin olle jedhan obbo
Dhabaan.Akkana moo.Animmo akka baranaa keessani foon nu nyaachistu jedheen eega jira
jedhe amma Gaddafaa Baabureen dabale.Silaama dhiisika jedhani obbo Dhaaban.Al baayye
bosonuus ta’e kuruphee lagicha bakar eebo isani waraanani ajjeesu turan.Laguma sana

21
dargagoonni baayyenis waan jiraniif asif asiin itti dulani ajjeesunis isan hin dhibu
ture.Gaddafaa Baabureen kana waan mi’eefateef hawwiin eegata ture.Garuu har’a akka bosonu
kan mukarra mukatti darbaa ture boosonuu osoo hin taane Bortolaadha.Ayi maal godhuga har’a
carra keenya miti jedhe Gaddafaa baabureen.Sababni Gaddafaa baaburee jedhamufis Gaddafaan
abbaa isaatu Baabureedha osoo hin tane baabura bishaani kana waan daaksisuufi.Muxannoo
waggaa dheera qaba.kanuma irraa ka’uudha namoonni Gaddafaa Baaburee jedhani isa
waamu.Atis iddoo keetti anis iddoo keeti jedhe Gaddafaa Baabureen jedhani akka
makmaaksatti fayyadamu jecha inni bulcha gadda guddinaa abuuna bara tokko jedhen.
Gandichatti samuunaa uffataatu karaa gandaa jiraatota gandichaaf hiramuuf dhufee
ture.Gaddafaa Baabureenis akkuma nama kamuu qarshii barbaachisu kaffalee fudhachuu
dhaqe.Garuu bulchaan gandaa yeroo sana akka Gaddafaa Baabureen hin fudhannef angoo isaa
fayyadame dhorkate.Gaddafaani ani bakka kootti ati bakka keeti jedhe deeme jedhama.Sana
booda guyyaa tokko maatin buchicha midhaan daakkachuuf gara baabura bishaani Gaddafaa
Baaburee daaksisu dhaqan.Gaddafaani dakkachuu hin dandeessan jedhe isaan dide.Gara falatti
kadhatani dadhaban.Homaa garaa lafuufi hin dandeenye.Akkanatti erga angoo isa Gaddafaan
ifaa ifatti agarsifate booda bulchaan gandicha dhiifama gaafachuuf dirqame. Dhugumadha
hunduu bakka bakkasaatti humna qaba.soressi hagam dureessa ta’e iyyu mana hiyyeesa yoo
dhaqe akka garaa isaa ta’uu hin danda’u abbaan mana hiyyeesichuma sana dha.
******************************************
Danuun kudhaama moofadhaan xaxamtee turte sana erga hiike xumuree booda waraqaa qalama
diimaadhan barreefame ture tokko argate.Waraqicha fuudhee yeroo dubbisu gi’iziidhaan
barreefame jira.Gutummaan waraqichaa hima sararara lama hin caallen gubbaadha hamma
gadditti “Ye Danuun ye argewu” “ye Danun Yene Argewu” kan jedhu qofaatu barreefamee
jira.Yeoo hikamu “kan Danuu kan koo godhi kan Danuu kan koo godhi” ergaa jedhu of keessa
qaba.Kana jechuun beekumsa isaa, carraa isa, qabeenya isaa, dandeetti isaa, beekamtii isaa, waan
inni qabuufi boor gara fula duraatti waan ta’uufi waan isaaf ta’uufi danda’u dabarfachuu
kabbaluu isaa mul’isa.Danuun lakka kanatu barnota na jibbisiisaa jiraa?Natti tolfate jira
jechuudha Bortolaan? Silaas alaattin fira fakkaatte simbira nyaatti jedhan.Hiriyaa koo fakkaate
na nyaate bada ana Danuu Dagaaga jedhee ariidhaan ilkaan cininate amman qoricha isaaf qota
jedhe fo’awwan duraan kudhaamichi xaxamee ture ciciree irraa lafa naqe sana ijaan lafatti ilaale.
Akka shakki Danuutti kudhaamichi isa irratti akka hojetame baree osoo hin taane maalummaama
kudhaamicha baruu barbaadeti ture. Garuu wanta inni arge waan isumayyu amanuuf isa rakkisu
ta’eargame.Gaaf tokko jennan gaaf tokko akkana na godha jedhe nama inni shakke hin
beeknedha waan ta’ef. Bortolaan akkuma tabbicha figaa jirutti jira.Akka duraan laga gamaati
irraan gadee konkolaata ture sana isaaf mijachuu hin dandeenye.Xiqqo ishee itti cimachuu hin
ooltu qarqa waan ta’eef diffa fuldura isaa jiru qabate itti rarra’a dafqa cobsa dhaqee Danuu
biraan ba’e. Yeroo achi ga’u Danuun dubbisee fixee jira.Ariin wayi fula Danuu irraa dubbifama
ture obsa waan isa dhorkate fakkaata akka korbeessa hoolaa kiphii walitti bu’u utaale dhaqe
Bortolaatti bu’e lafatti isa diriirse kuffiise irra ta’e.Si’uma achi afaan isaa saqqatu gadi badditti
nana ati an Danuu irratti kana hojjetta? jedhe. Bortolaan waan jedhe dhisuu wallaale.Iji finchaan
isa ta’e onneen isa akka nama nugii tumu dil dil dil jedha. Attam abbaa keeti keeti ati gurba
narratti tolfatta Bortola jedhe ammas.Bortolaan waa’e kudhama sana gadi fageenyaan waan
beeku hin fakkaatu. Tolcha maali jedhe sagalee sodaa of keessa qabun.Danuun isayyu na haaluu
barbaada jedhe kabballa polisi bara dargii tokko keennefi kun maalidhare jedhe waraqaa itti

22
tolfame ture kan qalama diimaan barreefame jiru itti agarsiise.Bortolaan rifate an waanin beeku
hin qabu abbaa kootu qorichadha jedhe bobaa koo jalatti naaf hidhe malee jedhe waakkate.

Danuun irraa ka’e


maalidha fo’awwan didimaan inni ittin xaxamee ture immoo jedhe?
Fo’a maali sagalee Bortolaati.
Kunoo jedhe Danuun irra ka’e fo’awwan kudhaamichi ittin xaxamee ture funaane itti fiduu
jedhe.Bortolaan amma baqa malee akka homtuu isa hin baasne waan bare fakkaata baqa kana
fakkatun kuti jedhe boosona seene.
Nadhiin akkuma dabaree ishee egaa jirtutti amma moo amma dhufaati Danuu eegaa
jirti.Dargageessichi jalqaba agartuu isaa keessa buute sun ta’e ta’e ammas ammas ijaan ishe lola.
Maal abbaas akkasitti na ilaalaa goofaree biilaa garbuu godhe jetti of keessatti.Dargaggeesichi
dhaabbin isaa leemmana fakkaata,yoona kana goofaree isaa ilaalani hin quufani.Hirreen harka
isaa immo amma jirmaa ga’a.Nadhiin akka inni ishee barbaadee gorora cobsaa jiru barteetti
garuu eenyumaanu Danuudhan jijjiruu waan hin feenef fara isa dhowwatte male.Al lama sadii itti
siqee ishee hasobsiisu barbaade ture garuu isheen homaayyu deebisuufi fedha hin godhanne.
Dabareen midhaan dakksifanna ishee geenyan gabatee baaburachaatti naqachuuf ishedha
midhaan ol fudhuuf jedhu dargaggesichi dhaqee irra fudhe gabatichatti naquufi barbaade isheen
garu waawuu jette.Innis halasa takkumatti hubatee dhiise. Ofirra deebi’e gara shamarran oolla
isheeti dhufan sanatti wa’ee Nadhii odeefachu barbaadeti.
Akkami qabdoo qabdi jedhee gafateen.
Ifabaastee nu nutti himuu yoo baatteyuu waan dhabdu miti jedhan.
Beektu enyuudha qabdoo ishee?
Wal ilaalani enyuu akka jedhan wallaalan adda baasani waan hin beeknef.Dargaagoo isheen sila
waliin dhufte keessa tokko ta’uu hin hafan jedhan.
Dargaggeesicha warra sila sana mo jedhe ammas. Akkas taanan gaaridha jedhe. Ayi anaa Ijaaraa
of jedhe of keessatti gumgume kanamma akkan ta’u ta’een harka keessa galfachuun qaba
jedhe.Ijaaran shamarran jaalalan booji’ani galaana jaalalaan liqimsisani akkamin akka addunyaaa
jaalaala daksisan akka gaaritti nama beekudha.Sirba abuuna ushettis ta’e astaroo fooqaas
dimbees bukkuqis yoo dhaqee shamarreen ija jaalalan isa hin ilaalle hin jirtu.Keessuma gofaree
isa hanfaroo leenca fakkeesse yeroo inni hayyaase sirbu dhabadhu dhawwadhu dhawwadhu
nama godha. Ijaaraan shaambutti barataa kollejji barsisumaarra barataa jirudha. Bara kana waan
eebbifamuufi boor haadha manaa garii naaf taati jedhe kan yaadu otuu argate ni jaalata.Tarii
ramaddin barsiisumma isaaf laatamu naannoo sana irra yoo isa fageesse shamarran naannooko
carraan itti barbaadee jaalladhu hin argadhu ta’inaa jedhetu kan inni jaalallee barbaadufi.
Bortolaan yaaduma ka’ee baqate male Danuu jalaa bahuu hin dandeenye.Danuun bosona laga
hoomii keessa figse figse hursaa garagatii isa qabate.Hursaan fincaa’a bishaani dhagaa guddaarra
hallayyati gad dhanagaludha.Gamanaafi gamasiin hallayyaa guddaadha. Homtuu tasa yoo keessa
bu’e carraan lubbudhan hafu waan jiru miti. Seexanatu keessa gala jedhani waan sodaatamuuf

23
namnis naannoo sana hin dhaquu. Yoo tasa fixee isaa irra dhaabatani gad ilaalaniyu koottu
koottu jedhe waan ofitti nama waamu fakkaata.Sababii gulli harkisa dachee ofitti nama
harkistuuf jecha xiyyoo hallayichaa irra dhaabachuun bala qaba. Otuu hin see’in qilee walakaa
seenudha.Namooti naannoo sana jiraacha turan duraan barnoota waa’e harkisa dachee waan hin
beeknef akka waan seexanni hallayyicha keessaa ofitti na harkistuu yookan nama waamtuutti
amanu turani. Keessuma qarqara hallayicha mukti baddeessan naanna’e waan jiruf tasa namni
mukicha yoo yaabate baddeesicha nyaachuuf jedhu seexanni hallayyicha keessa galtu muka jalaa
cabsitee keessatti kuffisuuf shira kana waan qindeesite itti fakkata. Kana malee mana seexaniti
wantin isaan jechisisu kan bira ani jira.Innis wayita roobne robee caamu hurki fincooftu hallaicha
keessaa bahu akka araa mana hallayicha keessa hurkuun bokkaan robee seexanatti qorinaan
seexanni buna danfifachaa jirti.Araa ibidaa isaatu araa jira jedhu.Dhaqani yoo laalan wanti ija
namatti mul’atu hin jiru.yeroo seexanni buna danfiseete dhugdus namni argee beeku hin
jiru.Inumaayu wayita kana namni hallayichatti dhiyyatu hin jiru.Ijoollen loon tiksitus naanicha ni
baqatti. Ammasu namoota gurguddafi dargaggotumatu itti dhiyyaate ilaaluu danda’a malee
ijoollefi fi shamarrani achiin baanan halkan abjuudhan waragamaa bulun waan hin olledha.
Danuun akkasitti Bortolaa qabate achitti fincilli guddaan ka’e.Akkamiin akka ati kana narratti
hojjetta jedhe Danuun hudhee qabee lubbu keessa baasuuf deema.Amma tokko tokko natti hin
himtu taanan amumaan hallayyaa hursaa bishaani kana keessatti si darbadheen bishaantu
nyaateen si jedha jedhe dorsiise.Bortolan dhabumaadhan ofirratti fincaa’an buusu waan ga’e
fakkata wan dubbatuuf waan dhiisu waliin isaa hin beekamu. “Hih hih abbaa kootu bara kutaa
ja’a barannu barataan cimaan kutaa keessani enyudha” nan jennan Danuu dhan jedhe achi
boodde itti itti dhiyyaadhutti hiriyoomfadhu naan jedhe.Tooftan ani sitti siquus natti hime.An
kutaa ja’atti al lama waanin kufeef akkan darbuuf na qayyabachiisi jedhin nan jedhe.Anis
akkuma inni na ajajen godhe.Sana booda barrulee ergifadhen gallaan abbaan koo dhiiga itti dibee
natti kenne maalidha jedhe yoon gaaffu qorichadha akka barnoonni si galuuf si gargaara nan
jedhe.Yoo Danuun na gaafatehon jedhe.galgala otuun dubbisaa jiru gergootu keessatti du’e jedhe
nan jedhe.Atis na gaaffannan akkanuman jedhe.Danuun dubbichi dhugaa ta’usa mirkaanefate. Of
tasgabbeessee hasaa irra funaanachuu jalqabe.Ammas guyyaa bira barrulee gara biraan ergifadhe
sana boodee gaafa sana immo coqorsa keessa kaa’etti kenne.Yoo inni si gaafate kaloo keessatti
dubbisaa tureen otuun loon tiksuun giddutti loon deebisuuf jedhen eessa akkan ga’e
mallateefadhen ture cogorsan jedhi naan jedhe.
Kana bara darbee yeroo kutaa ja’a barannus qabda turteere? Gaaffi Danuu ture.
Eyyeen kan jedhu ture Deebiin Bortola.
Akkamiin sirratti hin argineree amma yoona ani yeroo bishaan daknuso sirratti argee hin beeku?
Mana barumsaa boneedha yoggu baratan bishaan laga abuuna gaf gaafii dakani waan galaniif
akkamin akka isa dhokachuu danda’e amma kana baruu barbaadeti.
Guyyaa shakala iposti qabnu hikee mana ka’een dhufa.Bishaanis guyyaan mana kaa’e dhufe
male hin daaku jedhe.
Dhugumadha dubbichi akkasuma ture Danuunis akka akkas isa jechaa ture waan yaadata jirudha
baayye isa mormuu hin feene. Akkanatti erga hundumaa irraa funaane fixa ati Bortola maaliti
Borbadaa male saa bisheessu abdaariin laga abuuna jedhe irra ka’e waraqaa sana hallayyicha
keessa buusee gara laga baaburaatti Nadhii barbaacha qajeele. Silaa akka yaada Danuuti har’a
Nadhiidhaan akka jaallate jiru itti himu ture.Garuu Bortolaan hojii inni quba hin qabne dhaleefi

24
male.Danuun laga ce’e yemmu inni laga baabura ga’u Nadhiin midhaan ishee dakkatte fe’achuu
wadaroo fe’umsa isheeti qoqopheessa jirti.
Danuu asitti na dhiistani eessa dhaqaxani jette?
Ofirratti barsiisuu hin barbaanne Danuun kurphee tokko argineeti ishee arisee dhaqne gidduutti
jedhe gaashaan akka waan dhiifama ishee gaafachaa jiruu si dhisne banne miti jedhe.
Rakkoo hin qabu. Akkamin qabattanire jetten Nadhiin ijasa keessa ilaala amma ba’a harree irratti
fe’udhaaf garanaf garasin otu wadaricha sirreessa jirani.
Marree jedhe midhaan daakame afaan isaa hidhamee jiru qophamasa fudhee dugda harritti
gubbaa xob godhee ka’e.
Akkakka! homaa hin jettumoo dubbii Nadhii ture.
Maal jechuudha dargaggeessa miti jedhe innis wal ilaalani kokolfaa fee’umsicha fe’ani
xumurani.Amma ijoollen ollaa Nadhiis walumaan galu waan ta’eef ishee eega jiru.Hunduu ba’aa
ba’aa isaani dugdatti babaatatani qajeelan.Ijaaraan Danuun yoggu inni dhufnaan Nadhiin
gammachuudhan kaarruu ilkaan ishee saqxe faara tolaadhan isa simatte yemmuu arge hinaffaan
tokko isa keessaa ka’e dhaabbate.Tarii gurbaa kanatu qabdoo ishee taanan dhugama isa dhiiste
tole na jette jedhe.Danuun dargageessa reefuu aredi isaa maddii garanaafi garasi irran akka
saphaphuu dhagaa irra shif jedhani biqiluu egalu.Hojjan isaa sila leemmana laga xururtoo
fakkaata.Ijaaran ta’e yaada ijaan Nadhiitin gaggesse qalbiin isaa garuu ishee waliin qarite
baate.Ta’e Danuu waliin of dorgomsiisa Ijaaraan.Shammarran baayyeen jaalalaf itti dhiyyachuu
fedhanis inni garuu addunyaa jaalatti isaa galche isaan dararuu irran kan hafe ofiisa jaalalatti of
hin kennu cimsee of eegata. Nadhii garu ija maalin akka inni ishee arge isaf galuu didee. Manatti
galees qalbiin isaa walitti deebi’uufi didde. Ijasaa dura dhabbatti Nadhiin dhufte.
Danuun dur kolfee taphachuu jallatu amma maaltu akka isa tuqe beeku baatus Nadhiin waan
tokko callisu isaa duba akka jirtu shakkite.
maal taate Danuu waan taate qabda jetten.
Dhisi Nadhi gurbaa badii tokkotu na arse silas wanti sabbata godhatani mudhiiti hidhatan bofa
ta’e nama hidda jedhan jedhee
Enyunni Bortoladhamo jette.makmaaksa isaa irraa akka shakku waan taatef.
Bortola maali Borbadaadha malee kun jedhe.
Mali maal si godhe Gaaffii Nadhiiti
Natti tolchee jira jedhe.Danuun ariin otuu isa hudhuu.
Durumayyu ati akkamiin michooma isaa dhaqxeeta.Abbaan isa tolchatuu beekamadha jetten
An kana maalittin sii beeka.Barumsi naaf gauu dide na qayyabachisi jennani anoo isaa gaddeen
rakko hin qabu sin qayyabachisan jedhee jedhe Danuun.
Akkasiin otuma wal harkaa fudhani haasa’a deemani lagicha keessaa bahani harbuu allaatti
darbani karaa laga nooraa bahani.Danuun amma kattaa biruutti isaan gaggeese bira deebi’e.

25
Karaa laga xurutoo gad dhufee qabbana harbuu bashii taa’e yaadan jeeqamu jalqabe.Takka har’a
carraama Nadhii waliin dubachuu isaa argachuutti gammada.Takkammo waan hiriyaan isaa isa
irraati dalage yadatee mataa isa dhukkubaa yadaan bu’e ba’a.
*******************************************************
Adaadaan Imaana magaala beddelle buufata konkolaataatti Imaanaa eega jirti.Imaanaan ammaa
amma bibilaa deema.Akkuma konkolaataan isaani buufata konkolaata beddelle seenen otuma
keessa hin bu’iin karaa fodda adaadaa isaa bakkeetti arge uffee jedhe hafuura dheera tokko
baafate.Imaanaan tarii na bada ta’inaa jedhe waan sodaate fakkaata keessuma magaala
Naqamteedha kaasani deemsi isaani gara lixa biiftuu waan ta’eef dogogoraan gara biyya biraa
waan deema jiran isatti fakkaata waan ture yeroo adaadaa isaa argatu dhugaa hin seene. Wahilaa
isaa waalin Imalaa turan nagaa walitti dhaamani bufata konkolaataa beddelle keessatti gargar
ba’ani.Imaanaan akkuma konkolaataa irraa bu’een gara adaadasatti milla fudhe.Isheen waan isa
argaa jirtu hin faakaatu.
“Adaado ,Adaadoo” jedhe waame.
Ofirra galagaltee yoo ilaaltu Imaanadha.Nagaa ho’a wal gaafatani booda.
”Ciree Nyaatteetta” gaaffi adaadaa isaa ture.
Lakki hin nyaanne.
Tole beenu laaqannis ga’eera waan ta’eef deemne nyaanna.Imaaan waan beelli homtu isatti hin
dhaga’amne ture seenaa dhaga’a tureen dagachuu hin oolu waa’ema beelayu.Bufaticha keessa
ba’ani mana nyaata tokko seenani.Keessummessituun harka ishee dugda dubbaan teessuma ishe
gubbaa godhate akka waa nama harkatti baate jiru nama dhoksuu yaaluutti boquu ishee gad
qabde sagalee raafadhaan.
“maal siniif ajajamu”? dubbii keessummessititti.
Wanti nyaatamu maal maaltu jira? Adaadaan Imaanaa Ogeettitu gaaffi ishee gaaffidhaan
deebiste.
Faffatoo, qalanqala, ukkamsa, baataaf dubbataa, ittoo diimaa, kitifoo …..jechaa akka nama
jarjarsuun muddee qabe wal walirratti dubbate.Imaanaan waan tokko iyyuu waan dhaga’e hin
fakkaatu fula isaa irra ni hubatama.Ogeettin garu dhagahuu hin haftu nyaata lama ajajjee dafii nu
qaqqabsiisu yali jette gara Imaanatti fula deebifatte.Imaanaan nyaara ija isaa walitti guure akka
nama aarii irraa qabu ijasa keessumeesititti waliin erge.Keessummesitun taa’umsa ishe takka as
takka as naanneessa qash quh qash quh jecha nyata ajajame warra nyaata hojjetanitti himuu
deemte.Akka iji Imaanaa keessumeesititti waliin jiru hubatte Ogeetin hin dubbanee bilbila ishee
futee “sa’atiin meeqa ta’e amma” jette. Imaananis qalbii isaa as deebise safuudha “qullaama
ishee yoo deemte h in wayyu amma” jedhe. Harka isaa afaan isaa irra ka’e. “Maalidha jette”
Ogeetiin adaadaan isaa harkaa fuute. Uffata ishe argitee bakkatti isheen uffatteetu. Kana warri
ishee arginaan maal jedhu? Dhisi boo maaf ilaalte ati akkasumadha warra keessummesitooni
mana nyaataa. Amaluma hojichaa fakkaata.”Akkamidha maatin hundu nagaa jaraati”? gaaffi
Imaanaaf dhiyyaatedha.
“Eyyeen nagaadha hunduu dhibee hin qaban” kan jedhu ture deebin isaa.

26
Otuma isaan nageenya maati isaani wal harkaa fudhani odeessaa jirani nyaanni ajajame dhufee
dhiyyate.Imaanaan cirees waan hin nyaannef nafa nafa wal wal irratti liliqimse.
Xiqqo aduun dhiinaan konkolaatan cooraa akka garaa waan hin argamneef dafani yeroodhan
deemu qabu.Akkuma bufata konkolaata seenani gargaaraan konkolaachisaa coora coora Abdalaa
Cooraa jedhe waama.Imaanaaf Ogeetin adaadaadan isaa konkolaata seenani deemsa jalqabani
gara cooraatti. Magaala beddelle keessaa bahuuf qarqara maagalitti akkuma geenyen Ogeetiin
quba akeektuu isheen akeeka “ila ilaali kun warshaa dhugaati biiraa beddelleti” jette. Imaanaan
dhugaati biiraa dhugee yoo hin beekneyyuu korkii biiraa beddelle akka gaaritti beeka. Korkiin
biira beddelle suura weenni waan ofirra qabuuf.Yeroo ijoollee waliin taphatan korkii yokaan
qadaaddu dhugaati alkooli qabus ta’e kan alkooli hin qabnee kan akka miriindaa, peepsi, fantaa,
kooka kolla, fi kanneen biroodhaan taphatan korkii weenni qabu baayye jaalata ture. Isa qofa
osoo hin taane hiriroonnifi isaas ta’e ijoolleen korkiidhaan taphatta turte gosa korkota keessa
korkii weenni qabdu akka addaatti jaallachuun beekamadha.Ijoollen ollaa Imaanaafa faarsifi
baddaa boor immoo addumatti weennin oolmaa isaan irraa qaba.Harbuu domdobee fi harbuu
garaacho gidduu birbira weennin irra galu tokkotu ture.Weenni korrisee yeroo inni harbuu
garaachoo yokaan birbirsa harbuu lachaan gidduu dhaabatu irra gara harbuu dobdobeeti utaala ija
harbuu lafatti harcaasafi ture weennin.Fixee harbuu namni yaabachuu hin dandeenyefi muxuxeen
gur’uu harbuu rukutanii harcaafachuu hin dandeenye weennin akkasitti isaanif harcaasa
ture.kanaaf yeroo ittin taphatani ille korkii weenni kan isaan jaalatanifi. Warshaan biiraa beddele
yeroo gara magaala mattu deemaan harka mirgaa irratti argama. Imaanaan boosona gamaaf
gamana jalli isaa hundee bunaan uwwifamee jiru ilaalee dinqisifachaa deema. Deemsa daqiiqaa
muraasan boodde gargaaraan konkolaachisa Abdallaa kan bu’u jira jedhe.Imaanaan nama
Abdallaa jedhamutu bu’uuf jira jedhe yaade. Garuu dubbin akkas hin turre akkuma konkolaatan
dhaabbateen anmoonni baayyeen konkolaata keessa bubu’ani.Gara adaadaa isaa Ogeetitti
garagale
“magaalan kun maal jedhamti” jedhe.
Deebii Ogeettini “Abdalla jedhamti” kan jedhu ture.
“Hi Abdallaan maqaa nama mitimoo”?
“Sirridha Abdallan maqaa nama ture garuu kunis magaala Abdallaa jedhama” jettee deebistefi.
Xiqqoo akkuma deemani magaala cooraa kumbaabe ga’ani gara manatti galani.Achuma
magaala cooraa mana adaadaa isaa Ogeetti bule ganaman gara Hurrumuu deemuuf daanditti ba’e
konkoolaata gara mattuu deemtu adda baaba’i magaala cooraa argate imaala jalqabame. Magaala
cooraa keessaa akkumaa bahaniin konkolaachisaan daandii qarqara qabate konkolaata
dhaabe.Dargaggonni jimaa gurguraan jimaa baala warqeefi pestaliidhan maramee maree
gurgurtaaf qopheefame lama saddi harkaafi bobaa isaani jalatti qabatani gara konkolaata
Imaanaafatti kahatan.

Konkolaachisaan
“meeqa meeqa” jedhe harkasaa hixatee karaa foddaa tokko irraa fudhee.
“Dhibba dhibbadha mooti” gatii Jimaa sanaa itti himuu isaati.

27
“Saddettama sin ta’u”? jedhe ammas konkolaachisaamti.
Dargaggesichis hin mormine “tole haa ta’u maamila taana”jedhe.
Gargaaraa isaati konkolaachisichi “qarshii saddetama mee as kenne” jedhe hixatee irra fudhe
gatii Jimaa sana kanfale. Konkolaachisaa malee gargaaraan konkolaachisaas imaltoonnis keessa
keessaa Jimaa cooraa akka waatii guba quftee burraqi burraqi nama godhu sana
bibitataniiru.Jimaan cooraa jimaawwan kan irra addaa addumaa guddaa qaba. Balli isaa gara
diimachuuti siqa.Dhamdhani isaa immo adduma.Jimaa coora muka tokko qama’uun addunyaa
inni keessa nama buuse gammadi gammadi kolfi kolfi nama jechisiisu isa qoosaa miti. Wanti
hunduu to’annoo jala waan oolche namatti fakkeessa. Imaanaan maali hunda namaatu Jimaa
nyaatayi biyya kanaamoo jedhe of keessatti ofumaan yaada buusee baasa.Inni kan beeku
naannoo isaanitti namoota amantaa musiilama hordofan qofaatu qama’a.Isaanu hunda osoo hin
taane darbee darbee namoota muraasa male hunda jechuun hin danda’amu.Daldaltoonni Jimaa
gurgurani karaa fooda Imaanaan taa’e jiru dhufee “atihoo hin barbaaddu Jimaa “jedhe. Imaanaan
“hin barabaaduu” kan jedhu ture deebiin isaa.Qooda sana bishaan abbaa litira tokko qarshii
kudhaaniin bitaate.Hunduu Jimaa isaani muka tokko tokko babaasatani baala ishee irra
qenxesuu jalqabani. Baalli jimaa nyaatamu kichuu isaati. Jimaan bitamees kan nyaataaf ooluu
danda’a jedhamee yaadame qofaatu muka jimaa irraati hafa malee kan bichaate calqabuma irraa
qenxesamee gatama.Osoo gurgurtaaf hin dhiyyaatin. Kan malees dargaggeesi Jimaan dugda
konkolaata irraati fe’sise ni jira magaala Yaayyoo, Hurrumuufi Mattuutti kan gurgurtaaf
geejibamaa jiru.Dargagoota lamman Imaana cina ta’an keessa inni tokko jimaa muka lama fudhe
“qabadhu kun aajaa keeti” jedhe.
Imaanaan “lakkii ani Jimaa hin nyaadhu” jedhe didee.
”Dhifamaga akka sin jibbisifne nu qama’a waan deemnuf” jedhan.
“Garuu maalif qaamtu”? gaaffi Imaanaati.
“Karaa irratti akka nun jibbisiifnefi yaaduma bashannanaa deemna jennetumadha” jedhan.
Imaanaan bishaan bitaatee ture sana banate bishaanicha irraa al lama habbuuqate guruc
godhe.Deemsi itti fufee amma kan duraa caalamaatti gaawwaa bosonatii seenuuf jedhu.
Gutummaan Iluu Abbaa Boor yoo ilaalaan mukeewwaan bakka adda addaa irraa walga’i dhimma
mukaa fi mukoota irraatti marii taasisuuf walitti waan qabaman namatti fakkaatu. Akka jiruun
gamni gamanni bosonaan gutameera. Bakkeen duwwaan tokko hin mul’atu. Hunduu
mukkewwwaan garaagaraan uwwifamani magariisumma isaani eeggatani jiru.Bitaafi mirgaan
mukkeen wal walitti maxxanani dammee isaani wal jala loloosani wal hammatani akka
dargagoota baddaa horro hayyaase sirbuuf harka wal jala qaxxamursani mudhii walii walii isaani
qabatani kumkume sirbaani fakkaatu. Mukti daanga kootti dabarte jedhes ta’e akaakuun wal
qollifatu hin jiru.Yoo adaamiifi hagamsa ta’e malee. hundu wal tumse gobbatee gaawwaa homtu
keessa hin dabarre ta’ani dhaabbatu. Birbirrsa, Somboo, Waddeessa, Harbuu, Ejersa,
Makkaniisa, Muka-arbaa, Waleensu, Hoomii, Harangamaa, Birbirii, Hambabbeessa, Goraa,
Qagii, Baddeessaa, Malqaqqoo, Haanquu, Daannisoo, Laaftoo, Hicaaca, Hadheessa Looko,
Ulumaayya, Abbayyii, Reejjii, Rigaa, Kombosha, Xaaxessaa, Gatamaa, Bahaa, Qasammee,
waatoo, Didissaa, Koshommii, Araarsaa. Ajaayee, Qomonyoo, Hammuugaa, Alaltuu, Odaa
akkasuma gosoonni hidda kan akka Annannoo lanqisoo, feetii, ilchilmee hadha ormee …Martuu

28
walii isaani wal hammatani waliitti maramani walii wajjin jaalalan jiraatu. Kan nagaa wal
dhorkee ganamaa galgala wal dhigsaa wal boosisaa oolu Hagamsaafi Hadaamidha male.
Hadaamin ollaa Hagamsaa qilleensaan mooqame xiqquma sosocho’e gara Hagamsaatti siqnaan
Hagamsii eeboosaan cinnaachatti isa hodhaa. Yoona kana ega Hadaamin kan inni himimmaan
lakku lakkuu conbsuuf dirqamu. Waan malee miti Oromoon keenyi yeroo makmaaku Hadaamiin
ollaa Hagamsaa ganamaa galgala boosii kan inni jedhuufi kanuma bu’uura godhateetu
fakkaata.Mukoonni kaan waldhabde Hadaamifi Hagamsaa giddu jiru furuuf yaalii waan godhan
hin fakkaatu. Silaa walii galteen nagaa isaani lamaa gidduutti ni taasifama ture. Akkuma
Imaanaanfaan deemsa isaani dabalaa deemaniin Gobbinsi bosonaas dabalaa deeeme.Bosonni
yaayyoo hambaaa killayya addunyaa irraatti galmeeffame jirus fullee isaani jira.Magariisumaa
bosona yaayyoo bareedina naannichaaf keennuu irraa darbee somba addunyaa jedhamee waama.
Lafti qotamee midhaan irra facaafame mul’atu waan jiru hin fakkatu. Galiin qonnaan bultoota
naanichaa omishaa midhaani irratti kan hundaa’e osoo hin taanee maddi galiin isaani
bunadha.Bosonaa yaayyoo kana keessaattis bunni akka ajaa’ibaatti ni oomishama.Imaanaan
bosona kana dinqisifachuu irra darbee sodaa isa keessatti uumeera. Konkolaacisaa daandicha
akka gaariitti beekuu hin oolu.Marfata bakka balaan umamuu danda’utti saffisa konkolaata isaa
tasgabbeesse imala. Safuu nama ajaa’iba jedhe otuun inni dinqisifatu laga gabbaa gahuu jedhu.
Gabbaan bishaan guddaa bosona yaayyoo gamaafi gamanitti addaan baasuudha.Laguma kanaan
daangaan Godina Buunnoo Beddellefi Iluu Abbaa Boor ille kan inni dangeefameeru.Riqicha
guddaa bara xaaliyaani hojjettame irra yemmuu ce’an bishaan laga gabbaa wal darbachaa deeme
karaa foddaa kolkolaatra ilaaluun ni danda’ama. Bosonni yaayyoo lubbuu qabeeyyi baayyeefis
dahoo bakka jireenyaa ta’era. Leenca, Waraabessa, Wangoo, Gafarsa, Qeerransa, Waldiigessa,
Xaddee, Iyaa, Bosonuu, Borofa, Booyyee, Kuruphee, Weenni Karkarroo, Qamalee,
Jaldeessafati. Kan jaldeessa immo hooduma. Dandiii gajjallafi garaarradhan karaatti bahe akka
nama agarsiisa ufaata waltajjitti ba’ee agarsiisuu egeen dubaan dhaabee karaa irra yeroo inni
bashadaqu dhabadhuu ilaali ilaali nama godha. Imaanaan karaa fodda ija isaa lamma gara
isaanitti erge ilaaluu itti fufeera.Keessuma kootaa isaaniti fakkaata akka ilmoolee sagalee
konkolaata dhaga’ani hin rifatani.Inumaayyu dubbii waan barbaadan fakkatu. Deemsi isaanitu
akka qeeqa of keessa qabu ni mul’isa.Dandii konkolaata irra xiquma qarqaratti si qa’ani ta’u.
Koraa jaldeessa silaa namnu wal hin gaafatu. Fokkisa isaattis dhimma waan qabu hin fakkatu
madaa hunduu irra qabuttis hoomaa hin qaanfatu takka as takka achi takka as takka achi
gangashaa deema.
Imaltoonni Jimaadhaan waan machaa’an fakkatu afaan isanitti baala jimaa guttatani maddiin
isaani immo afuuffee dhisamu dhohuu gahe fakkata.Bishaan gurucii tokko irratti habbuuqacha
ija loozii tokko tokko irratti dabala adunyaa isaan keessa burraqani namnu hin beeku. Imaltoota
keessa tokko
“mayyinni ammayyu gabbaa hin geenyeyi” jedhe.
Garagaaran konkolaachisa “geenyem” jedhee deebiseefi.Lagichaa yeroo gahan hunduu morma
yaasee karaa foodaa bishaan laga gabaa bosona yaayyoo keessa bashannanaa ya’uu
ilaaluuf.Imaaana akka gabbaa ce’an wasilaa isaa Annisaatti himuu barbaadee yoo bilbilaa isaa
fudhee ilaalu no service jedha. Networkiin laga gabba keessatti hin hojjetu ture.Bilbilaa isaa
deebise yaadaan bosona biyya abbaa isaa maqaa bosona qaban waliin bosona yaayoo wal bira
qabuun fardaaf lafoo akka ta’e hubate “Safuudha akka kanaatti bosonni gumgum, Gatamaa,
wallee, asatii, koree dhaan bosona jedhani waamu sirri miti.Jarri qophaa qophaa isaani miti

29
otuma walitti dabalamanu maqaa bosonaa jedhamu isaanif laachuun yakkadha. Jedhee of
keessatti odeessa. Keessuma kan isa ajaa’ibe yeroo loon tiksaa oolani goodaa abuuna keessa
babal’ii qarqaraan bosona gatamaatti loon yoo jalaa seenani bosonatti seenu sodatani isa amma
horiin ofiin quufani ba’anitti isa eeganitu isa ajaa’iba. Akka isaanitti bosona gudda jedhani
sodaachuu isaanitti garuu yaayyoo waliin wal dorgomsiisuun waan hin yaadamne samiifi
lafadha. Yoo dhibee Bosonni caatto amma tokko maqaa bosonaan yoo waame dhugaatti namarra
hin fokkisu.Bosonni guddaan Godinni Horro Guduruunqabduu inni guddaanu isa waan
taa’eef.Amma gara magaala yaayyoo gahuuf Wixatee ga’aniru. Yaayyoon baka buufata abbaa
Gadaa Caalii Shoonooti.
Imaaanaanfa magalaa yaayoo keessa darbani amma magaala hurrumuu gahuuf gaabaa
darbaniiru. Akkumaa gaabaa darbaniin gargaaraan konkolaachisa “hurrummuu galuuf jenna
eessatti akka bu’uu qabdu bilbilii gaffadhu” jedhen Imaanaadhaan.Imaanaan Annisaa wasilaa
isaati bilbilee eessaatti akka bu’u gaafata otuu jiru Annisaan bilbilaa gargaaraatti akka keennu
himeefi.
“Heloo eessa biratti haa bu’u” sagalee gargaara ture.
Annisaan “Otuu sidaa abbaa Gammachiis hin ga’iin bareeduu biratti buustani anis achi
dhaabadheen sin eegaan jira jedhe. Bareeddun sidaa dubartii buna buusaa jirtu agarsiisu achuma
magaala hurrumuutti ijaaramee jirudha.Akkuma jedhame bareedu biratti bu’e Imaanaan.
Annisaanis achumaa waan turee salphumatti wal argatani nagaa wal gaafatani booda gara
manaatti galuuf sidaa bareedutti gara bulchiinsa aanichatti dandii geessu qabatani.Otuma
baayyee hin deemin gara harka mirgaatti boroo buufata fayyaa anaa hurrummu dhan gara qe’ee
obbo Angaasuutti goran. Mooraa Obbo Angaasuu kutaalee mana jireenya kireefamni waan
qabaniif. Annisaanis achuma mooraa jaraa keessa kutaa tokko kireefatee keessa jira.Imaanaafi
Annisaan gara manati galani. Waa’e biyyaafi nageenya maatii wal gagaafacha.Guttuun hati
warra Annisaa gayyaan Imaanaa laqaana dhiyeesiteefi laaqana nyaachutti gorani.Konkolaataan
Imaanaan ifaa itti dhufaan magaala hurrumuu keessa ximbiriiraa darbite yoona kana mattu
meecii yookaan ga’ii gahuu hin ooltu. Annisaan wasilli Imaana ogeessa qonnaati akkuma kollejji
qonna Asoosaa irraa eebbifamee Godinuma kana anaa makkootti qacaramee ture.Makkoo yeroo
muraasa erga hojeteen bodde jijjirraadhan gara anaa Hurrumuu jijjiirame.Ganda goljootti
ogeesuma qonnaa ta’ee hojetaa jira. Goljoon Magaala hurrumuutti dhiyyoo waan taateef
Annisaan magalichumaa deddeebi’a hojjeta. Imaanaan erga huruumuu dhufee guyyota lama
guutera. Imaanaan wasilaa isaa Annisaadhan obboo jedhee waama. Imaanan matii isaaf
hangafadha. Annisaan immoo matiif mucaa eegoodha isa boodee mucaa durbaa tokko qofaatu
jira.Imaana yeroo dhalatu Annisaan reefuu dargageessa sookala ture.Luucaan maata isaa addarra
jigee amma nyaara ijasaatti dhufa ture.Imaanaa saggootti baatee kan guddiseen egaa Annisaa
turee.Imaanani Annisaadha akka wasiilaatti osoo hin taane akka obboleessa hangafaatti isa
lakkaawata.Kanuma irrra ka’udhani kan inni obbo jedhe waamufi. Jiraattonni mooraa obbo
Angaasuu keessa kireeffatani jiran jaalala akka waliif qaban walitti dhufeenyi isaani in
mirkaneessa. Galgala galgala akka hojidhaa galaniin dabaree dabareedhan buna danfisani waliin
wal gahani ta’anii dhugu. Haalli ijaarsa manneen kireefamuuf ijaaramani mooraa obbo Angaasuu
wal qabatani tooraa galanii jiru.Ijaarsi mana isa tokkoo bakka afuritti qoqoodame dalga
ijaarameera.Inni kan biraa ammo akkuma isa dura bakka afurittin qodamee faalla isa duraan ol
galagalfame kan ijaaramedha.Hala ijaarsa manneen kana yoo laalan qubee “T”fakkata.

30
Bunatu danfisamee ture.Ollan hunduu barcuma milla sadii kan irra taa’ani buna dhugan
fufudhatani boor mannichaatti argaman.Imaanaan buna waan hin dhugneef manuma keessatti
hafee sagantaa sirbaa qophii abbaa torbee ilaala jira.Bunni dhugamuuf jechaa jira. miseensonni
moorichaas yaa’ii buna dhuguu irratti argamaniiru.Taphnifi qoosaa bakka bakkaa kasani wal
harkaa fudhani kolfani wal kofalchiisu jalqaban. Gidduudhaan addee Garummeen
“Annisaa gurbaan giddu kana mana keessan jiru maaf hin waamne bunahin dhuguu” jedhan.
“Buna hin dhuguunan dhiisee dhufe Mucaa obboleessa kootiti as na bukkee taa’e barnoota isaa
haa baratu jedheetan as waameera” jedhe Annisaanis gaaffi aadde Garummee bira dhiyyateef
deebi kennuu isaati. Miseensa buna dhuguuf dhiyaatan keessa tokko “Kan Obboleesa keeti?
Waamii wal nu barsiisika” sagalee jedhu dhageesise. Annisaan hin mormine “tole deemeen
waame dhufa ” jedhe barcuma irra taa’e jiru irraa ka’uuf isaa jedhu.Giddudhaan aadde
Gaarummeen “afachu ati hin ka’iin otuu ijoollen jirtu moo, Cortuun deemte haa waamtu” jedhan.
Cortuun shamarree xiqoo reefuu kutaa sadii barataa jirtudha.Kaatee gara mana Annisaafatti milla
fudhuu jalqabde.Imaanaa waami jedhamte waan jirtuf. Imaanaan balbala akkuma cufate jirutti
qophii abbaa torbee ilaalama jira. Gara sirboota kudhaniitu qophicha irratti dhiyyeefama waan
ta’ef qophichi hin goolabamne. Imaanaatti balballa bargag gootee bantee otuu ol
seente.Imaanaan nasuudhan ishee ilaaluu dadhabee akka waan waa hatee qabamee ijashe saalfate
lafa ilaale.Maaltu akka isa tuqe hin beeku dhahannaan onnee isa saffisa guddaadha
dabale.Cortuun itti dhiyyatte “koottu jedhamteetta” jette ofirra deebite gara yaa’ii
bunichaatti.Imaanaan enyuutu na waame jechuu barbaade ture garuu isheen carraa dhaabatee
kana gaafachuu isaaf waan hayyamte miti tokkitti koottu jedhamteetta qofaatu afaan ishee
keessaa bahe. Sagalee kilolee ulullee yookaan sinxoo afuufamaa jiru fakkatutu gurra Imaanaa
keessa dudubbata. “ Koottu jedhamteettaa, enyutu koottu naan jedhe tarii obboo kooti akka ani
buna hin dhugneehoo beeka maalif na waama moo wanti abjuudha” jedhe of keessatti
hasaassa.Akka cilaancilli wayii Cortuunis itti mul’atee deebite waan ta’eef gurrasa amanuu
dadhabe ija isaas shakkuu hin oolle.Garuu namni dhufuu isaa kan mirkaneessufi balballi Cortuun
bante turte akkuma banametti jiraachuu isaati.
Cortuun dhaqxee miseensota buna dhugaa jiranitti isheedha dabalamee xiqqoo turu. “Meerre?
gurbaan maaf hin dhufne Cortuu waamtee hin turre”? jedhani Harmeen Cortuu.Cortuun deebii
homaa hin deebisne callisuu filate.Ammas “deemii waamii koottu” jedhani Cortuu ergani.
Balballi banamema waan jiruuf Cortuun ol seente
“waamama jirta koottu hin deemna” jette Cortuun Imaanaatiin.
Enyutu na waamee? Gaaffi Imaanati.
Obboleessa kee
Tole jedhe Imaanaan
Ka’i ni deemna ka sagalalee Cortuuti.
“Beenu nan ufa” jedhe ijasaa gara qophii ilaalaa jirutti deebise.Cortuunis isumaa waliin ijishee
garas godaane. Sirba Abitewu Kabbadaa Nugusu Tamiraatu weellisutu dhaga’amaa jira “ijaan
na laalte garaa koo birbir na gootee shagg23ituun tiya” yoo jechu Cortuun gara Imaanaa ilaalte
innis ijashee baachuu dadhabee garaan isaa raafame. Cortuun giddudhaan “ka’i ni deemna” jette.
Innis “beenuu nan ufa sin je’e miti jedhe.Cortuun loqoda isaatti kokolfaa ofirra deebite. Isheedha

31
bana keessa gad baatee Imaanaan akka waliin hin jirre baree Annisaan “Imaananoo” jedhe.”Nan
ufa” jedhe jette kolfaa gadhiifte.Miseensi hunduu kolfaan weeraramani.Logodi ijoolle horro
akkam akka ta’e waan beekanif waan Cortuun jechuu barbaadee isaanif gallaan kolfani martu.
Deemii harkasa qabii fiduu koottu jedhani Cortuu ofirra deebisani. Walitti qabamni yaa’ichaa
akkasitti tapha jaallata amma immo kan caalu ta’aa jiru. Cortuun sodaa waan qabdu hin
fakkaatu.Imaanaas keessumadha jette hin saalfanne akka nama akka gaaritti isaa beekutti ija
jabinaan isatti dubbati garuu inni saalfatee boquu buusa ture.Figdee mana seente harka isaa
qabdee “ka’i in deemna” jetteen.Imaanaan tasgabba’e ishee hubachiisu barbaade.Hoomaa sin
dhagahu jetten.Ani buna waan hin dhugneefi malee rakkoon biraa jiraatef miti jedhe
ammas.Waawuu koottu waan jedhamteef deemuu sirra jira ka’i male jette harkiftee bakka inni
taa’u isa kaasu yaalte.Imaanaan fala waan dhabe fakkata ka’e ishe waliin qajeele.Balbala irra
akkuma ga’een “na ga’iisika nan deema” jedhe.Cortuun logidi afaan isaa akka damma waan
isheetti mi’a’e fakkata hidhii ishee gararraf gajjalla wal irraa bante ilkaan ishee adaadii toora
boqqollo fakkaatani dhabbatan akka yoo hundaan kofalte jaala dhumuu wayitti muraasan itti
seeqxe harkasaa gadhiiste.Imaanan dhugaa hin seene deebi’e dhaqee ta’uu filate.Isheenis biraa
hin hafne ammas qabde ka’I malee jette sardite. Kana gidduudhan sagaleen Annisaa “Imaanaa”
jedhu dhaga’ame. Cortuun kunoo kaa si waama jiraam Annisaan jette. Waan gochaa waan jiru
hin fakkatu Imaanan Cortuu waliin ka’e qajeele.Ammas akkuma harkasaa qabdee jirtuttu jirti.
Balbala irra ga’e na gadhiisi jedhe afaan horroo sanaan. “Haa akka silaa kee deebitee taa’ufi” kan
jedhu turee deebiin Cortuu. Matumaa isa gadhiisuu hin didde akka hoolaa gabaa dhaqatani isa
gototte ollaa walitti dacha’e buna dhugaa jiraniitti isa dhiyyeesite. Miseensonnis kolfan
harkifamee dhufuu Imaanaa argani. “Maalodha Cortuu akka jaamaatti isa harkistee fidaa” jedhe
miseensicha keessa tokko. Imaanaa dhaqee itti dhiyyaannan harkaa itti hiixatee nagaa gaafaten
boodaa “Qalbiin jedhama abba warraa Obseeti” jedheen.Abbaa warraa Obsee yeroo inni jedhu
miseensonni kolfan.Silaa kayyomti hundeefamu buna sanayyu tokko waan nama kolfchiisuu
danda’u dubaatani wal bohaarsuuf waan hundeefame namatti fakkaata. Isuma cinaadha kan turte
barsiistuu Obseenis harka fuute “Obseen jedhama” jetten. Addee Gaarrummeenis nagaa gafatani
halaa kana sagantaan wal baruu Imaanafi Ollaa isaani gaggeefame.Cortuun hamma Imaanaan
namoota kana mara irra deemee dubbisutti ija ishe irra hin buqqifanne dhaabbatte isa ilaalti.
Barcumni hunduu nama waan qabuuf harmeen Cortuu aadde Garuummeen koottu as biraan taa’i
jedhani barcuma Cortuun irra taa’a turte harkaan agarsiisani.Imaanaanis affeerra isaani fudhaatee
achumaa cinaa isaanitti huddu dubbatti xiqqo akka butachuu godhe irra boqote.Cortuun taa’uma
waan dhabde fakkaata.deemi kan biraa fidhadhu jedhani harmeen ishe jennaan figde dhaqe
balbala mana isaani banatte fidde Imaanafi harmee ishee gidduudhan qub gootee keesse irra
teesse. Addee Gaarummeen gara Imaanaatti morma isaani naannessani Imaanaa waliin waliin
dubbii jalqaban.
“Yoom dhufte” jedhani haasa isaani saaqani aadde Gaarummeen.
Yogguu Imaaanaan “Engaddan ufee” jedhu Cortuun kolfite. Gara harmee isheetti garagalte
kolfi ishee akka irratti hin baramneef waa yaaltus fakkaati. Akkataa dubbanna Imaanaatu Cortuu
ajaa’ibu hin oolle.
Kutaa meeqaffa barata?
Imaanaan kutaa saddetaffa.

32
Annisaa mana barumsaa kamitti galmeessitere Imaanaa jedhan addee Gaarummeen amma
immoo gara Annisaati fuula naannesani.
Annisaanis “Mana barumsaa Hurrummuu Dajanittin galmeessem Gaarumme” jedhe deebiseefi.
“Anuu Cortuudhaan achittin galchuu barbaada” jedhani. Addee Gaarumeen Cortuu waliin haa
baratan achumatti amma gaarii ta’e jedhani. Cortuun waan gammadde fakkati akka kolfuu
godhatte.Barsiistu Obseen “Cortuu akkami gammaddetta?” jetten. Addee Gaarummeen gidduu
galanii “ maaf hin gammaddu mucaa biyya abbaa ishee argattem” jedhani gara Imaanaatti boquu
isaani naannessani Cortuu jedhamti itala kootii abbaan ishee nama biyya keessani
horrodha.Naannoo haratoo. Anis Najjoo biyya Jootee Tullutti” jedhani.Imaanaan akkasin Cortuu
waliin wal baruu danda’ani. Barsiistu Obseen “akkami Imaanaan barnoota irratti homaa hin
jedhu” jette gaafaatte Annisaadhan. “Qaxaleedha”. “Biyyatti xiqqoo abbaan hojii waan itti
baayyiseef dubbisaaf yeroo ga’aa waan hin argannee as na bira taa’e akka baratuufan fiduun koo
iyyu kana ilaaleeni” jedhe Annisaan. Imaana kunoo Obseen barsiistuu kutaa torbaafi saddeti
kemistiriifi Fiziksii barsiisti mana barumsaa waangeenyeti barsissitti waan taateef waan siif hin
galle ishees gaafachuu dandeessa tole jedhe. Imaanaan mataa isaa raase itti waliif galuu isaa
mirkaneesse. Harmeen Cortuu Aadde Gaarummen ishoo Cortuu koos naa qayyabachisaa akkas
taanaan jedhani.Cortuu ilaa barana tokko hanga kudhani keessa hin baatu yoon ani waa tokko
lammaffita siif biteef. Akkuma amala kee barnoota galte barruule achi buuste taphatti fignaan
taanaan si dhumate anuu beeka qoricha kee jedhan. Yaa’iin martuu callisee haasaa adde
Gaarummee dhagafeachaa jira. Cortuun “yoon tokko hanga kudhanii ba’e maal na goota jette”
harka ishee lamaan walitti rigaa. “Uffatas kophees sin bita yoo Tokko hanga sadii baatemmo
uffata aadaan siif bita” jedhani kolfani. Cortuun “dhugaa jette”.keessi ishee haamilee tokkon
waan guutame jiru namatti fakkaata. Harmeen ishes dhugaa jedhani waada isaani harka Cortuu
waliin walitti buusani mirkaneessanifi. Cortuun gara Imaanaatti jette asaaste “na qayyabachiista
miti” jetten. Deebin isaa tole kan jedhu ture. Isaan haa asaasani iyyuu malee gurri namoota achii
turani haasa isaani qalbiin gurra qeensani dhaggeefata jiru. Cortuu fi Imaanaan otuu itti hin
yaadiin yaa’ii fulduratti waadaa qayyabachiisufi qayyabachuu ifaa ifaatti mirkaneessan.
Bunni dhugaameedhumeera. meeshaaleen dhugaatii bunaaf qophaa’anis sassabamaniiru.
Namota bunna dhuguuf dhaqan keessa muraasati gara mana mana isaatti gale malee hunduu
achuma taa’ani taphataa jiru. Waa’e kabinoota hojiif mudama argatanii abaaluun wajira akkasi
irratti hoganaa ta’e abaluun biroo kana gale. Jedhani wal harkaa fudhani odeessu.Ciminafi
kaafina isaan hojii irratti qabanis tokko waan hambisani hin fakkaatan.Bulchaan biyya kanaa
Mallas Zeenaawiin boqonnaan itti aanaan isaani kan turan Obbo Hayile Maari’am Dassalleny ol
guddatani biyyitti akka gaggeesanif angoon waan isaanif laatameef muudamni tokko tokko mana
mootumma keessatti gaggeefamuun waan hin oolledha. Qalbiin abbaan warraa barsiirtuu Obsee
yeroo Mallas du’e sana hojjetteonni maal maal jedhani akka boo’a turan kaaseefi kolfaan isaan
fixe.Bara sana himimaan litira amma kanaa dhangalaasuu qabda jedhamee boo’ichi safaramee
waan namatti laatamee wayii namati fakkaata.Dirqiidhaan boo’ani wal boosisutu ture.
Nagaadha boqodhuu Mallas
Nagaadha boqodhuu Mallas
Jechuun akka nama weeddu weeddisu wal harka fudhani farsuu.Kana nama ajaa’ibu namni
gadda isaa boo’e hin argisifne rakkoo ilaalcha qaba jedhame kan qorannoon kara gama
mootumma irratti gaggeefama ture lakkobsa hin qabu.Haalli kun immo bakka tokko lamatti

33
qofaa osoo hin taane gutumma biyyatti irratti waan raawwatamee ta’uu isaa waan seenadhan hin
haalamnedha. Dunkaanni gaddaa bakka bakkatti buufamee uffaata gurrachi akka akka uffatamu
ajajni ba’e waan hin taane hin jiru.Otuu bo’ichii fi Himimmaan kan du’e galcha ta’e silaa dura
Obbo Mallas kan du’a ka’u hin jiru ture. Garuu maal godhe achuuma akka nama jimaa jimmitee
taphatuu jim jedhee hafe. Gatii himimaan isaanif dhangala’e ille ol jedhani ummata isaanif boo’e
washabbare galatooma jechuu hin dandeenye. Maal godhuga du’a hin oolani.
Cortuufi Imaaanaan harka isaani lamaanin maddi isani qabatani waliin dubbi jaraa callisani
dhaggeefatu.Wanti nama kolfachiisu yoo dubbatamees kolfaan ni garagaru.Cortuun hidhii
xuuxee ayi jechuun ishee gurra Imaanaa keessa bu’e.
Ni jaallattani jedhe.
Mallemoo baayye male jette.
Maa’a si go’erea.
Bulchaa biyya keenyaa miti jetten
Yoo ta’e hoo maa’a si go’era natti himimee.
Cortuun waan dubbattu dhabdee ati hin jaallatu jetteen.
Anis hin jaala’us hin jibbus kan jedhu turee deebiin Imaanaa.
Hin boonyeefire gaafa du’es.
Eeka maattin boo’a jedhe
Uyi ati hin taatuu dhugaa akkamiin boo’uufi dadhabda silaas warrii wallaagaa rakkoo qabduu
jette.
Atimmoo eessa dha jedhe Imaanaan.
Animmaa Iluudha jetteen
Kana gidduudhaan yaa’ichaa digamuuf jedha hunduu ka’ani gara godoo godoo isaanitti
qajeelaan. Imaanaafi Cortuunis ijaan wal gaggeessani mana mana isaanitti galani.
Borumtaasa aaddee Gaarummeen akkuma jedhani mana barumsaa Elemnteri Hurrumuu irraa
gara mana barumsaa Hurrumuu Danjanitti jijjiiranifi Cortuudhaaf. Akkuma amala isaani bunni
galgala danfinaan miseensonni ollaa waamani argamani. Bunni dhugamuu jalqabe hunduu akka
gita gita isaatti waliin taa’ani haasa’u.Cortuufi gara Imaanaatti taa’umsa ishee butaatte.Waliin
sagalee gadi qabani gumgumu maal akka isaan haasa’a jiran namuu waan dhagaa’a jiru miti.
Loqodaa Imaanaa dhaga’uun Cortuun baayyee ishee waan gammachisu fakkaata. Asiin asiin
haasaa fiddee isa dubbachiisti. Barsiistu Obsee isaani sagale gad qabee walitti hasa’u ilaalte
Cortuu jette waamte.
Cortuu gara barsiistu Obseetti fula deebifte.
Abbaa manaa argattee miti jetteen
Cortuun kolfitee . Eyyeen waan jettu wayi fakkaata kolfi ishee.

34
Dubbiin barsiistu Obsee gurra namoota kaanii keessas waan bu’e ta’uu hin oolu.Imaanaan garuu
saalfatee lafa ilaale. Abbaa manaa koo haadha manaa koo jedhani naanichatti walitti qoossun
waan haara miti. Hawwaasa Iluu biratti baratamaadha. Dhirri guddaas xiqqaas ta’e ijoollee
xixiqqo haadha manaa koo jedhee ishee waama.Harmoonnis ta’ee shamarran kaan ijoolle
dhiraadhan abbaa manaa koo jechuunis baratamadha.Kana yeroo jedhani umuriidhaan namoota
walitti dhiyyaatan qofa osoo hin taane. Ijoollee xiqoo reefuu afaan hiiktuu kaasee amma nama
guddaati darbee darbee qoosaan akkasi inuma jira.Imaanaaf garuu qoosichi waan hin
baratamnedha. Kaanafidha kan inni saalfachuu hin oollefis. Annisaan qoosaan kun naannoo
isaanitti akka hin baratmeefi Imaanaaf haara akka ta’e waan bareef “haabbee Imaanaa hin
saalfatin taphaadhu” isa jedhe Kun immoo ittumaa iyyuu saalfachuu isaa isa irratti barsiise akka
itti kolfamu taasise. Imaanaan otuma ta’u dafqa illee lamaanin cobsuu eegale. Waan aaraa jirus
fakkaata. Cortuutti homaa itti hin fakkaanne.Qoosaaf akka ta’e barteetti.Imaanaanis qoosaaf akka
ta’e wallaaleti miti qoosaa haala kanaan qoosamu waan isa mudatee hin beeknefi male. Cortuun
immo refuu barattuu kutaa sadii waan turteef mucaa jaalalaaf geessettu hin fakkaatu. Yoo jaalalli
umuriidhaan addaan baafame qoqqoodameera ta’ef. Taphni akkuma itti fufeetti jira.Addun lixxee
sa’atiin gara tokko ta’uuf jedha.Guuttun gayyaan Imaanaa hatii warraan Annisaa Gaabaa
Gabri’eeli yoom kana ta’e saatin ittoo sichaan hojjedham jette kaatee deemte.Gaabaa Gabri’eelin
bataskaana Gaabaatti argamudha. Jiraattota naannoo Hurrumuu bira darbee guutummaa Iluu
Abbaa Boor biratti beekmti guddaa qaba.Guyyaa ayyaanni Gaabaa Gabri’eelii kabajamu
magaalaan hurrummus ta’es Naannoon Bataskaana gaabaa bayyina namoota irraa kan ka’e
namni bakka eejjetu hin qabu. Dhageettii guddaa qabaachuu isaa irra darbees namoota baayyetu
Gaabaa Gabri’eelitin kakata. Bayyeen namoota immoo akka qoosaattis yeroo isaan itti kaakatan
darbee darbee hin dhabamu. Barsiistuu Obseefi Addee gaarummeenis maal akkas fiiga sa’atichi
immoo jedhani ka’ani qajeelan jarris. Qalbii ,Annisaa, Cortuufi Imaanaa qofaatu bakkichatti
ta’ee hafe kan hunduu gara manatti galani. Cortuun Annisaatin kitaaba kutaa sadaffa manaa
waan qabduuf akka isa qayyabachisuu fidatte waan dhuftee waliin qayyabaachaa jiru.Qalbiifi
Annisaan garuu dhimma bira haasa’a jiru.
******************************************************
Bortolaan baratoota kutaa isaa biratti jaallatamummaa guddaa hin qabu.Sababni isaa guddaanis
akka maatiin isaa hojii tolchaa hojjetan barattoonni waan shakkaniif, barataan isatti dhiyyatu
hin jiru. Danuu qofatu Bortolaa michoomfate jira.Danuun gara laaffessa waan ta’eef akka
warreen kaani Bortolaa qollifachuu hin dandeenye ture, danda’e garaa namatti jabaatu waan hin
qabneef. Barattoonni Bortolaa qolachuun isaani isayyu mufachiise jira. Sababa inni barnoota hin
dandeenyeef waan isaa hin safeeffanne waan itti fakkaateef ofitti isa butee barnoota isaa irratti
akka inni jabaatuf isa gargaara ture. Akka inni bool’a isaaf qotaa jiru quba hin qabu ture
Danuun.Bortolaan hojii isaa isa irraati ergi baree booda mana barnoota guyyota lamaaf otuu hin
dhaqiin hafe. Gaafa guyyaa sadaffaa barumsa deeme.Akka durii Danuutti dhiyyaate osoo hin
taane irraa fagaate bakka jijjiirate taa’e.Halli isaa kun baratoota kaanitti bitaa itti gale garuu
amma boqonnaan gahutti rakkoo maalif Danuufi Bortolaan gargara akka taa’an barataan gaafate
hin turre. Barsisaan akkuma kutaadha baheen sagaleen bilbilaas dhaga’ame yeroon boqonnaa
ga’u isaa mirkaneeffamee. Baratoonni kutaa dha bahuuf bakka taa’ani kakka’a jiru.Danuu maali
Bortolaan maal ta’e si biraa ka’e achi ta’e jedhe quba akeektu isaa dhumarra keenyani lafa
Bortolaan taa’e jirutti qabe gurbaan al baayyee Bortolaa jifachuudhaan beekamu tokko.
Bartoonni achi taa’uu Bortolaa hin argines morma isaani garasitti naanneesani ilaalan. Ariin
Danuu yoona kana kan isa keessaa danfee ka’e “Bortolaa maaliti Borbadaadha male” jedhen.

35
“Borbadaa “ jedhanii itti kolfani.Durattu durii amma kana argatani maaltu itti qoosuu irraa
dubatti haa deebii’ure? Sa’atii sanaa kaasani Bortolaadhan Borbadaa jedhani waamuu jalqabani.
Maqaan Borbadaa jedhu baratoonni aka qoosaatti al baayye waan itti dhimma ba’aniif Bortolaan
Borbadaadhaan waamuu ittuma fufee gutummaa baratoota mana barumsaa saqalaa bara sana
baratan biratti beekamuu jalqabe.Kan Bortolaa beekus hin beeknes Borbadaa jedhani isa waamuu
jalqabani. Keesuma Bortolaa dheekame yeroo inni isaan lolu ittuma iyyu kan caalu ta’u.Bortolaa
qoosaa ijoolle dandamachuu dadhabe mana barumsaa irraa hafuu baayyise. Dhimmi wal dhabdee
Danuufi Borbada maal akka ta’e barataan quba qabu tokko iyyuu hin turre. Guyyoota muraasa
booddee Bortolaan mana barumsaa irraa ooluu jalqabe. Bortolaan hojii isaa kana Danuun
bartootatti wan isa odeesseru waan itti fakkaatef ittuma iyyu yaaddoo guddaa keessa gale.
Qoosaa baratootaas damdamachuu waan dadhabe fakkaata barnoota isaa addaan kutuuf
dirqame.Hojiin tolchaa Borbadaan hiriyyaa isaa Danuu irraatti hojjete tolchaa inni hojjete Danuu
waliin walitti isa buuse gargar isa baasus Nadhiifi Danuun garuu caalmaatti akka walitti
dhiyyaataniif sababa guddaa ta’eera. Nadhiin waan inni godhee Danuu irraa waan odeeffattettuf
dhiimicha quba qabdi. Kanuma irraa ka’uun hariiroon ishee Danuu waliin qabdu
dabaleera.Baratoonni walitti dhufeenya isaani shakku jalqabani. Wayita boqonnas bakkee bahuu
irra kutaama keessa waliin taa’u baayyisu.
Borbadaan mana barnoota deemaa waan hin jirreef abbaan isaa “maalif mana barnoota hafte
gurbaa” jedhan.
Aayyoon Borbadaa gidduu seenani”reefuu argituu erga dhaquu dhaabee bubbuleeraho jedhan”.
“Maalii taate gurbaa gaaffima” jalqaba kan fakkaatu gaafatan.
Borbadaan haalicha dhoksuu yaaluf jecha ano barnoota dhiisuun barbaade qonnaan qota jedhe.
“Barnootatu siif galuu didee” jedhan ammas abbaan isaa.
Eyyee naa galaa hin jiru
Maalif qorichaa siif hojjechiisee hin turree ani bara darbe isa akkam goote fayyadamaa hin jirtu
jedhan.
Kana caala haaluu hin dandeenye tokko lamaan waan ta’e hundaa isaanitti hime.Abbaan isaa ani
of eeggannodhan akka qabachuu qabdu sitti himee hin ture atamitti kun ta’uu danda’a burraa
karrayyu qabaa na gadhiisaa jedhani. Afachuu yoon ani akka inni maratee akkuma kee manatti
hin deebi’u ta’eefo abban koo nan dhalchine kaa jedhani.Dhaadannoo jal’inaa nama balleessuf
nama gadi nama taasisuuf shira qindeeffamu. Bifaan nama hojiidhaan seexanumman kan isaa
keessatti biqilee guddateeru Danuu Ilmaa Dagaaga Abbaa Magaal karaatti qabani kichuutti isa
kutuuf hojii hammeenyuma isaani itti fufan abbaan Borbadaa. Danuun sammuu gadhiisee akka
maraatuf mana tolcha isaan irra hin joorre hin jiru. Danuun akka duraani barnoota hordofuu erga
dhiise bubbuleera. Qayyabachuuf barruule isaa yeroo banuu himimmaan eessa dhufteen isaa hin
beekamne akka rooba ganna dhufee ijatti isa guuta.Yoo kanaa achii akka nama araadaa tamboo
xuuxuu qabuu otuu hin xuuxiin oolee amma amma isa hamuummachiisa. Isa duraan yeroo
barsiisaan kutaadha barsiisuu kutii afaan banee isaan dhaggeefatu amma ka’i fiigi figii badi badii
isa gochuu jalqabeera. Haala isaa kana namni hubaateef waan jiru hin fakkaatu. Barnoota irratti
laafina agarsiisaa deemuun isa barsiisota isaa duraa isa beekaniifi baratoota kutaa isa biratti ijoo
dubbii ta’e odeefama jira. Bareeddu bareedota mana barumsaa saqalaa Nadhii waliin walitti

36
dhiyyaachuun isaa immoo jaalalaan qabameetu shakkiin jedhu akkan babal’ataa jira.Barsiisaan
isaa mana barumsaa bonee abuunatti isa barsiisaa turan jijjiiraadhan mana barumaas saqalaa
galan haala Danuu kana barsisota isaa irraa waan odeefatan fakkaatu.Guyyaa tokko rakkoo isaa
baruun qaba jedhani birootti isa wamsisan. Danuun waamicha isaani kabaje biroo dhaqee.
Balballi rurrukutame
Seeni Danuu baga nagaan dhufte jedhani barcuma inni irra boqotuu harkaan argisiisan.
Danuu galatoomaa barsiisa jedhe taa’e. Kabaja barsiisaa isaaf male mataan isaa akka malee isa
bowwafachaa jira. Keessa isaati figi figii iyyi iyyi isa jedha yoo akkas godhe akka waan isa irra
galu.
“Akkami barnoonni Danuu” jedhani barsisaan
“Badaa miti barsiisa” jedhe.
Maalii rakkoon jiramo?
Lakkisa barsiisa rakkoon hin jiru.Taa’uu dadhabeera akka waa isa dhiphisaa jiru fula isaa irrayyu
in dubbifama. Ka’ee otuu deeme in jaallata ture.
Qabxiin kee akka gadi bu’a jiruu odeefadheen ture,anis battalleewwan kee tokko tokko barsiisota
kee irraa ilaaluu yaaleera ga’umsi kee gad bu’uu hin oolu “maaliidha sababni isaa moo akkami
atis jaalala jalqabdee” jedhan fulaa ifaadhan akka inni homaa isaan dhoksuu hin yaalletti faara
tolani.
Ayi akkana miti barsiisaa anumatu xiqoo dubbisa irra fagaate natti fakkata nan foyyeesa
jedhe.Garaa isaan ga’umaaf wan dubbatedha malee qormaata guddaa akka isatti ta’ee jiru
sammuun isaa amaneera. Jechoota hamilee isaa kakaasuu danda’an garanaas garasis walitti
susuphani isa gorsuu eegalani.Inni garuu qalbiidhaan waan isa dhaggeefata jiruu hin
fakkaata.Yaanni isaa qaata qaritee fagaatteetti. Akka inni qalbii dhageefata hin jiree waan
mirkaneeffatan fakkaatu deemuu dandeessa yeroo biraa haasofna jedhan. Inni garuu waan
dhaga’e hin fakkaatu.Ammas yeroo lammaffaaf Deemuu dandeessa jedhani kobbee isaani
waraqaa irra konkolaachisuu jalqani. Deebiin gama Danuun homtuu hin turre. Xiqqo sararani ol
yero jedhani Danuun boquu isaa ol qabee dagalee baxii biroo isaani waan lakkaa’a jiru
fakkaata.’Sii habbee Danuu” jedhani saggoo isaa xuxuqani hixatanii. Qalbiitti waan jiru hin
fakkaatu Danuun akkumasaatti biroo sana bahe kutaa barnootaatti deebi’uu hin yaalle fullee
biroo barsiisota gaattiraa bareedina moorichaa dabaluuf toora galfamanii dhaabatan jalaa taa’e.
Laliseen kutaadha Danuu dhabdee garaan ishee raafamaa jira maaf akka ta’e wallaltus.Bakka
taa’umsa isaa barruuleen isaa jiru Danuun garuu hin jiruu eessa dhaqeetu jetti. Akka barsiisaan
birootti isa waamaniran quba waan qabdu miti. Kun ta’ee daqiiqaa muraasa booddee iyyi
dhaga’amee.Baratoonni maaltu umaame jedhani rifatan. Bariisonni halicha adda baasuuf
kutaadha gad baba’ani.Baratoonni garuu karaa fodda mormaa yaasani ilaaluu. Gurbaa
dargaggesssa tokko dhaabatte Iyya namni bira hin jiru gidduu giddutti immo ni callisa. Si’ana
garuu addan kutaa hin jiru “uuuuu uuuuu uuuuu “jedhe asif achii mooraa keessa figuu jalqabe.
Sagaleen iyyaa kun kan taa’umsa isaan dhorke barsiisonni baratoonni kutaadha gad yaa’an.
Danuutu iyyaa jira maal akka ta’e namni beeku hin jiru.Barsiisonni isaa figani dhaqani isa
qabani maali maal taatee iyyita? Jedhan .Deebii keennaafi hin jiru callisee isaan ilaale. Nadhiin

37
naatee lapheen ishee akka wayii dhahataa jira.Danuu qabani birootti ol galchani bratoonni kaanis
gara kutaa kutaa isaanitti akka deebi’an ajajamani.Nadhiin garuu obsaa waan dhabdee fakkaati
achuma biroo fuldura dhaabbatte hafte. Danuun maal akka ta’e of baruu hin dandeenye. Barisaa
Gaddafaa Ayyaana maal ta’e amma nagumaa na biraa ba’e deemem jedhani barsiisota kaanitti
himani. Nadhiin balabala biroo rurukutte.Barsiisaa Gaddafaan gad itti bahani.Akkam ta’e
Danuun jette. Homaa hin jedhu fakkaata amma iyyuu dhiisera.Ati maal isaati jedhanin
Nadhiidhaan gaafatani.
Nadhiin waan deebistu wallalte.Danuun maal ishee akka ta’efi maal jette itti akka himtu bitaa itti
gale.Dhumarra silaa durbartiin maal hin dhabdu baratuu kutaa isaati jette.Naasuun ishee qomo
irraa gad bu’eefi.
Essadha biyyikee jedhani ammas
Dimbeedha barsiisaa deebii Nadhiiti
Dimbee kan eenyutti
Kan Birraati
Birraa Bariisaa moo?
Eyyeen
Intala warra bachoo ganjii keessas qabda maarree Danuudhaafudhii galii manaan ga’i.Galee haa
boqotu jedhani.Nadhiin isaani wajjin birootti galtee sammuu Danuu irra harka ishee boqochiste
Danuu jettee waamte.Hidhii hillee isaa lamaani hin dhikkifata.Maataan isaa baayye gubaa jira
dafqi gurra isaa jala akka bishaani baaxii manaa irraa xurursuu irra dhangala.Danuun ol jedhe
Nadhiidhaan ilaalee
Maaliin ta’e Nadhiikoo jedhe.
Homaayyuu hin taane jettee deebisteefi.
Gidduudhaan barsiisaan Danuu jedhani isaani maata isaa qabani.
Ooko barsiisa jedhe.
Akkami maaltu sitti dhaga’amaa jira jedhani
Wallisaa hin beekuu garuu xiqqoo ishe na dhiphisaa jira jedheen
Abshir amma galtee boqochuu qabda jedhani. Nadhiidhaan deemii barrulee isaas kan kees
fidadhuu koottu jedhani .
Nadhiin amma barrulee fiddee dhuftutti isaan Danuu waliin odeessa biqiltuu gaattiraa toora galee
dhabamee jiru dandiin hulaa mana barumsichaafi biroo barsiisota wal qunnamsiisu gidduudhan
mooraa keessa bahuudhaaf balbala irra gahaniru.Nadhiin akkuma barrulle jaraa fiddee dhufteen
gara birootti qajeellan harkaan ishee waamani akka bahuuf jedhan itti himan.Nadhiinis isaan
qaqqabde Barsiisaa Gaddaafaan amma dirree kubbaa miila saqalaatti isaan gaggeessani
Nadhiidhaan manaan ga’itti galii moo jedhani adaraa itti kennani walii wajjiniin gaggeesani gara
mana barnootaatti deebi’ani. Danuun Nadhii fidi sirratti irranfadhe miti barrulekoo jedhe

38
gaashaan kan jara lammani itti ulfaata jedhee yaadetu.Isheen garuu du’a koo sitti hin kennu
anumatu baata jette didde.Irraan gadde laga leemmana bu’ani goodaa dachaa baaqurroo keessa
ga’aniiru. Maaliin ta’e turee Nadhi jedhe maal akka ta’e iyyu waan yaadatu hin fakkaatu Danuun
.Kana taate sana taate jechuu hin feene Nadhiin homaa hin taane xiqqoo si dhukkubu hin oolle
malee jetten. Dachaa baaqurro keessaa darbani bishaan lagichaa karsaa uffanni irratti miicamuu
sana suuta jedhani akka hin kufneetti dhagaa bishaan keessa irra e’ejeta ce’ani.
Danuun mataa kootti bishaan xiqqo jisuu taa Nadhii jedhe
Booruudha kun lagumaasa bira yeroo geenyuu sii hin wayyuure jetten.Tole jedhee innis hin
mormine.Laga baaqqurro burqaasa bira ga’ani Danuu mataa isaa uffata isaa mudhiidhaa ol of
irraa baasee boquu isaa gad qabee xururtoo bishaan laga baaqurro jalatti mataa isaa michate.
Nadhiin hareeda hahaphii reefuu biqiluu eegaltu luuccoftee maddii Danuu garanaaf garasiin
mul’ataan ija jaalaalan ilaalte “attam abbaa isaa bareeda” jette of keessatti.Danuun mataa isaa
dhiqatee xumurraan deemsa isani jalqabani.Nadhiin “qarqa kana maaltu danda’e” baha jette
irraan olee hingooyyeti. Karaan lafoo magaala saqalaadhaa kaasee dimbetti karaa qaxxamura
basuu tabba hingooyyee karaa irrani. Hongooyyen magaalaa saqalaa cinatti argama.Jiraattoni
Bonee abuunaa, guddinaa abuunaa, Jardagaa jaartee fi kanneen biroo millaan magaala saqalaa
irraa ka’anii galuu taana qarqi hin gooyyee taa’e isaan eegata. Danuufi Nadhiis kanumatu isaan
qaqqabe.Akkuma isaatti aduu saafaa sanaan dhodhommoqaa hingoyyeen bahani bargamoo
Yaadani bira ga’ani. Nadhiin hafuura dheeraa baafatte uffee jette.
Dadhabde miti Nadhii jedhe Danuun.
Lakkiyyu maayyini aduunsaa jette
Singaragaara jennan na didde miti baruule.Fidii natti hiri muraasa jedhe harkaasa garashetti
hiixate.Hayyamamtu hin turree dhisee deemsa itti fufan.Danuun amma xiqqo ishee waan isa
dhiphisaa ture irraanfachuu hin ooluu.Harka caalaas yeroo dubbisuuf jedhuufi kutaa keessaatti
yeoo barsiisaan barsiisudha kan isatti ka’u.Amma akkan Jaladhee itti himuu dhisuu himuu
dhiisuu jedhee of mari’ataa deema.Yaanni isaa
Maal jettee moo himta
Sin jaaladhaan jedha ka
Akkamiin hin sodaattu.
Maalin sodaadha nan hima.
Lakki lakki yoo sin jaaladhu sin jettehoo akkam goota qaana’uu keeti miti maal jette lammaffa
ija isheetti baata lakki sitti haafuu.
Lakkii lakki carraa akkana deebitee argachuu dhiisuu dandeessa hin sodaati itti himi ati dhiira
miti maal sodaata jedha.Danuun akkasiin yaadota keessa isaati burqanii wal lolaa deema.Callisi
guddaan ta’eraa Nadhiin maal akka inni yaada jiru hin beektu hattee hattee ammaa amma isaa
I’ilaalti, inni ofiisafu garatti citu wallaale yaadaan hangoollolamaa deema.Ammas maal ati garuu
sodaataan akkamiin amma kana durba sodaata maal si gooti huubadhaati ija si buutimoo
dabeessa wayi ittin jedhe.Yoona kana ture Danuun dhugamattu jedhe kan inni akka waan garaa
isaa kutatee albuuda jaalalaa keessa isaa ukkamfamee jiru ifatti baasuuf yaalaa jalqabaa gochuuf

39
kan inni ka’e. Fuldura Nadhii goree ija jaalalaan yeroo ishee ilaalu onneen ishee akka dhadhaa
cororsaaf ibidda irra ta’e baqe. Naasuudhan barruuleewwan isaani gad gadhiiste.Dandii
konkolaata guddichaa magaalaa shaambuufi kaasee saqalaa keessa kutee alaga abuunaan ce’ee
bosona caatoo harka bitaatti dhiisee qarqaqara goree harbuu caraanafi shulluqeen qaxxamure
jardagaa keessa ba’e aliiboo magaala jartee lamatti hiree hamma amurufi giddaatti fulla’u sana
irra ga’ani turaniru.Dhukkeen diimaan dandii sana irraa jiruu waan lagaa baaburaati akka
midhaanitti daakamani dandiicharra firfirfamani fakkatu keessatti kan barruuleen isaani lafa
nam’e. Barruuleen isaani awwaara dandichaa walakkaati faca’e. Maaltuu akka ishee naasisee
baruu hin dandeenye Nadhiin Danuunis ni rifate waan dubaachuuf yaadee ture essa akka isa jalaa
dhaqaan rabbii haa beeku. Dubbachuu dadhabee akka nama basoo afaanitti baatu ta’e. Nadhiin
callistee ija isaa keessa ilaalte amma inni waa dubbatutti waan isa eegaa jirtu fakkaati.Danuun
maal jechuu akkaf barbaade dura ishee gore jala badee of keessas barbaade dadhabe.Waan gootu
dhabnaan Nadhiin gadi jette barrulee sasaabutti gorte. Inni gadi jedhe ishee gargaarsaa jalqabe.
Akkumaa gad jedhani jiranitti
“Danuu maal taate” jette Nadhiin .
Hoomaa hin taanee Nadhii hii jedhe afaan isaa keessaa baasuu dadhabee dhiise.Akka inni waa
itti himuuf jedhu bartee waan jirtudha.Lammanuu barrulee jaraa irraa dhukkee bat bat godhaani
huhurgufaa lafaa ka’ani.
Nadhiin awwaara duwwaan si jala godhe miti jette Danuu ija keessa ilaala.
Lakki kan koo nagadha kan kee akkami jedhe barrulee isaa akka itti agarsiisuu godhee gaashaan.
Ayi kan koos nagaadha jette deebisteefi.Sobanitu malee kan lamman jaraayyu akka gaaritti
awwaricha siphateera of jajjabeessuu warra du’aatu caala jedhani.
Kanuma mitiree gootumma kee. dabeesssa wayi. Dhugaa ati akkamitti afaanuma tokko illee itti
dubachuu dadhabdaa? Safuu maqaa dhiira balleesite jedha saammuun isaa akkaa waan namni
biraa itti hasa’a jiru dheekkamsuudhan. Ammaa maalin jedhamoo maalin godhee ani badee
nama keessan salphadhe kaa jedhe of keessatti akkuma odeessetti jira . Nadhiin maal naan
jechuuf barbaadeti moo ammas itti ka’ee akka silaa isa gochuudhaafi waansa? Moo maal ta’e
jette lafa jalaan ija ishee looste looste isa ilaalaa deemti. Lamanuu wal saalfatani.Nadhiin maal
taanan rifatee akka barrulee awwara keessa buste of madaalte isa qaanfatti, Inni waan dubbachuu
barbaadee akka waan isheen isa irratti barte fakkeese garuu itti himuu dhiisuun isa dabuma itti
waan fakkaateef of ija keessa ishee ilaaluu dadhabeera.Maal jedhani akka hasaan wallaalan wal
qana’uu irra darbani walitti dubachuu sodaatan.Murtiin Callisaan deemuu isaan gidduutti ajaja
mana murtii malee dabarfame. Nadhiin dandii gara mana isaanitti maqsu bira ga’uuf jetti garu
Imaanaa barsiisaan ishee itti laatan akkam akka gootutu bitaa itti galaa jira.Danuu gaggeesite
manan gahuun qaani itti fakkaate.Keessuma shamarri dargaggeessa gaggeessun mana bira
dabarte waan hin baratamnedha. Danuu dhukkubaa jiraachu isaa namni quba waan hin qabnef
waanuma isheen gagggessa isaaf deemtu ta’e akka namoota biratti mul’achuu danda’us
shakkiteeti.Namoonni karaa irratti itti dhufani illee akkamitti akka ija taajabbiin ishee ilaala
darban waan argaa jirtuu waan gotuu harkaa badeera.Murtee yookan gaggeessuu yokaan dhiisuu
murteessu dadhabde ofin dhiphataa deemte.Namooti ishee Danuu waliin deemu sihee arganiis
Intalli Birra yoom kana jalqabde duratto waan akkasi hin beektu?Safudha waan bara kana kan
dubbatan miti yoo dhiisan wayya jechaa hamiidhan wal harkaa fudhan ishe boccoqaa
deemu.Deemsii isaan suta akka jaalallewwan lamaan qarqara aroo bishaani deemuu fakkaata

40
harka wal hin qabne saggoos ta’e mudhiin wal hammachuu haa baatan iyyuu male.Baratoonni
mana barumsaa saqalaa isaan kutaatti dhiisani ba’an galmi geenyaan kan gadhiifaman xiqqoo
turaniru.Danuufi Nadhiinis kan bahan wayiti barnoota tokko dhisani turan kanaaf isaan bodaan
baratoonni hin baayyee hin turre ture. Nadhiin ofirra mil’ate yoo ilaaltu hooma baratoota mana
barumsaadha galaa jirattu isaan qaqqabuu ga’era.Haala kana waan qalbeefate hin fakkaatu
Danuun.
Danuu baratoonni nu qaqqabanika jette callinsa isaan gidduutti mootiii ta’e ture lafaan dhoofte.
Dhugaa jedhe yoo offira garagalu dhuguma baratoonni itti dhiyyaataniru. Gariidha isaan
waliinan gala jedhe.Sodaache duraa irraa bilisa of gochuu barbaade waawuu si galcheen deebi’a
jette.
Rakkoo hin qabu maaf joorta amma ijoollee ollaa waliin gala jedhe.
Mormuu hin barbaanne tole jette. Maqaa meejjo biyya Nadhiifatti maqsu irra ga’ani isaani nagaa
walitti dhaamee garagar qajeelu baratoonni booda isaani turanis dhufani qaqqabani.
Danuun ijoolle ollaa isaa waan isa qaqqabani isaan waliin taphata qajeelan. Nadhii ammayyu
baratoonni ishee hin qaqqabiin jiru. Shamarreen guddoon tokko figde Nadhii qaqqabachuuf
yaalte.Nadhiin waan duran isaan mudate qalbii fudhamte yaadaan baddee jirti.
Sinin jedhaa jiraa.
Nadhiin hirriba yaada ishee keessa dammaqxee kaate maal jette jetteen.
Dargaggeessa bartee barumsaa addaan kuttee galuu jalqabdee kaa giftoo?
Waan jechaa jirtu naaf hin galle Xabuu.
Maqaan ishee xabuu hin xurree lola malee gad waan hin teenyeef bakka deemtutti ijoolleen
xabaabiree jedhani ishee waamu.Kaan kaan immoo xabuu jedhu.
Erga yoomititi akkas kerkerfachuu jalqabdee ati garu.
Maal taate xabuu nagaa miti jette tasgabboftee Nadhiin.
Xabaabireen hinaaffadhaan waan waadamaa jirtu fakkaati.Halaalumatti Nadhiifi Danuun waliin
deemuu isaani akkuma argiteen ture kan ishee ariidhaan mataa ofirra ciruu jalqabde.
Qoccollaan Nadhiifi Xabuu akkuma itti fufeeti jira.Baratoonni itti naana’ani dhaggeeffatu wal
morka jara.Akka korma gooda fooqaa goobii goobee baroodee bookkisee wal loluu jedhu wal
gaarrefatani dhaabatu.Waloluuf waan jedhan fakkaatu lamaanu baruulee isaani lafa kakaawatani
jiru.Baratoonni akka dawwatoota kubbaa milaa dirra kubbaa milaa seenani dawwachuuf jedhani
lola Nadhiifi Xabuu hawwiin egaa jiru.Abbaan seera taphicha jalqabsiisu giddu isaani hin turre
akkamiifi akkamitti akka jalqabnis ajajni isaanif kenname hin turre. Dubbin akka qoosatti wal
gaarrefatani waan wal dhiisan hin fakkaatu. Nadhii Obsa fixachuu hin ooltu utaaltee irra
buute.Dorgomichii ifaa ifaati jalqabame baratoonni kolfaafi cookuu irra darbee wal irra qabuu
hin yaalle.Takka dhaabbitti erga wal sukkuumani booda iyyifi cookii guddaan
dhaga’ame.Nadhiin qoolo xabuu o galgalchitee garaa mataa baasuuf jette.Baratoonni uuu, uuuuu
yuuuuu yuuu jechuu itti fufani.Wacaa isaani kun addaan citu dinnaanmandara keessa namoonni

41
gad yaa’an.Ijoollee wal reebaa jirtus addaan qaban gargar baasani.Fulli Nadhii
mochorameera.Kan xabuu silaa malii bobokokee jira. Erga wal irraa qabamaniis Xabuun qaba na
gadhiisa jechuu itti fufte.lakki dhiisi namas dhagahuu didde akka waan Nadhiidhaan reebdee arii
bahattuu wayi of fakkeesite.Lakki dhiisi humna kee argineerra jedhani asiif asiin hundu itti
kolfe.Xabuun dur gaf tokko reebuu malee reebamtee galtee hin beekne har’a Nadhiidhaan
adamamuu ishee argite.
Furdina amma kana baattee Nadhiin qal’oo amma migiraa mudhiin cituu ga’un reebamuun
Xabuu baratoota isheetti kolfachiisu irra darbee erga Nadhiiti namnuu Xabuu hin sodaatu jechuu
jalqabani.
Danuun mana ga’e nyaata lagatee. saqalaa siree irra rafuu yaabbate dugdaan ciisuu filate.Fixeen
aayyoon Danuu laqana dhiyyeefinaanifi xiqqoon tura jedhe dide.Maali maal taate garbicha koo
jedhani saqalaarraan hixatani mataa yoo qaqqabatani akka ibidda gubba.Haalli Danuu erga
jijjiiramuu jalqabee bubbuleera.Addee Fiixeen gara manaatti ol deebi’ani daakuu xaafii diimaa
bukeessani yeennasuma eelee irra ka’ani bixxille bixxilani.Danuun xiqoo akka furuu itti ta’e ol
jedhee ta’e.Amma sanatti aayyyoon isaa Fixeen cafaqoo cafaqanii fidaani cafaqoo kanallee
nyaadhuu mee Danuu jedhan.Danuun nyaata hin barbaanne ture garu harmee isaa mufachiisu
waan hin barbaannef fudhee yaachuu jalqabee.Wantii Danuu mataa isa dhukkubsaa jira waan
mana barumsaatti isa mudate caala Nadhiitti himuu dadhabuu isaa ture.
Sagaleen Fixee , Fiixee jedhu dhaga’amee bakkeeti.
Yoo jedhani enyuu akka isaan waamee baruun isaan hin rakkisne abbaa magala akaakayyuu
Danuu abbiyyuu isaani ture.Gad itti bahani addee Fixeen maal jettani Abbaa jedhan.
Danuun mana barnootaati galee ta’a jedhan.
Eyyeen kunoo reefuma galee mana gaha jedhan aadde Fiixeen.
Mee as naa waami waan nyaateraa bittaaf gurgurtaa tokko naaf haa barreessu jedhani.
Tole jedhani manatti ol deebi’ani addee Fixeen.
Abbaan Magaal jarsaa nama guddaa beekamti guuddaa nama qabanidha.Dula xaaliyaani
lammaffaa irratti hirmaatani turan.Kanaanis loltuu xaaliyaani irraa koddaa bishaani boji’atanii
turan.Gabaaa Najjoo, Amuruu, Giddaa , Leeqaafi kanneen birootti daldalaa cimaa turan. Kana
malees akka ogeessaa seeratti namoota ni tajaaajilu.Dhaqaaf gala dubbii waan beekanif homti
tokko jala hin dabartu.Kanaaf namoonni wal dhabdee yoo qabaatan akkamitti midhama isaani
himachuu akka danda’anifi akkamiin dhugaan isaani bakkatti eegamuufi akka danda’u dura
dursaani abbaa magaaliin mari’atu.Isaantu maal waan hundaa beekan eaan ta’eef.Abbaan
magalaa dheeraa hirreen isaaani dur amma jirmaa ga’a tura amma dullumti isaanitti dhufnaan
haphataa jiru male.Ta’us dullumaaf salphatii harka keenna hin jirani hiriyyoonni isaanii dur
manatti galanii taa’an isaan garuu ammayyu bakka barabaadan oolani galu. Jabaa jabinni isaanii
bakkaa bakkati leellifamanidha.Gamna gamnumaan isaan keessa burqu abbaa galeefiif dubbii
bira qabani namatti himuu jaallatu malee qola isaa irraa fudhanii dubbachuu hin jaallatan.Haala
isaani kana immoo baayyeen hin hubatani.Kanaa irraa kan ka’e booda akka waan abbaan magal
dabaadhaan isaan gowwomsanitti kan odeessan hin dhabamani. Bar tokko abbaan magal akka s
godhanii turan. Namicha oollaa isaanii tokko sangaa dimaa gaafa botoo gafarsaa fakkaatu qaba
ture.Sangichii qonnaa qotuu didee gara falaatti dadhabanii dhiisani. Namichi abbaan

42
qabeenyumaan sangichaa ta’e abbaa magaal bira dhaqee “yaa abbaa magaal sin mal hin dhabdani
mee fala naa falaa sangaa koo qonna didee. Yeroon qotuu camaduu qotuu dhiisetu cisee harkaan
lafa haadha gara falatti dadhabeen dhiisera.Namnis ammala isaa waan bareef nan gurgura
jennaanille namni narraa bitu dhibe” .Adaraa keessan waanuma tokko naa falaa jedhe abbaa
magaalin mari’ata. Abbaan magaal sila mala hin gashaan.Gurguraa gabaa oofani dhaqani.
Sangaan qamaan guddaadha akka humna qabu gamumatti in beeksisa. Bittuun tokko
halaalumatti argee jaallate sangicha bitachuuf gatii isaa gaafate. Homaa hin jedhuu gatii isaa itti
qaalessu hin barbaanne walii galtee bittaarra ga’ani.Akkami qonnaa hin qoota jedhe yeroo
gaafatu hin qota seetaree ciiseetu haadha jedhani abbaan magaal itti jajani.Namichi dhuguma
se’e sangaa bitatee galee yeroo itti qotuuf jedhu dhuguma sangaa qotuu dhiisee ciisee biyyoo
haadhuu jalqabe.Ganama bariidhaan ka’e maali yaa abbaa magal maaf akkana na gootani
sangaan isin natti gurgursiistani qonna hin qotuu didaa ta’uu hin oolu jedhen.Abbaan magali
namichoo maal sin jedheen ture ani jedhani silaa akka gowwoomeeru baranii jiru.Hin qota miti
cisee haadha sin hin jenne ani jedhani ammas dabalani.Jettani turtan kan jedhu turee deebiin
namicha.Maarree otuu beektu bitteeho maal godhi nan jettare jedhani ofirra deebisani isaa
galchani jedhama. Danuun ayyoon isaa Fixeen akkuma itti himaanin akka akaakayuun isaa isaan
barabaadaa jiran.Kobbeefi waraqaa fudhatee biraan ba’e dhimma maalif akka barbaadamee jiru
waan beekerudha. Walii galteen bittaaf gurgurtaa xumuraame. Abbaan Magaalifi jarsoolin ragaa
ta’anii turan gatii walii galteen bittaafi gurgurtaa gaggeefame haraqee dhugnu malee jedhani.
Achuma Addee Fiixee biraa argatani haraqee isaani malakkeedhan dhamdhamachuu jalqabn.
Abbaa Magaal tasammoo akka amala keessani innimmoo farda hamaaxenya natti gurgurtum
jedhe namchi fardaa bitate sun. Manni kolfaan guutame abbaan magal lakki lakki kun akkas miti
ilmooko isa darbeefu waaqxi araara nuuf haa buusu egetana ani nama dullomeedha akkas sin
godhu.Durattis anis sitti himuu malee sobaan sin gowwomsu yoo beekte dubbii habalaaka
hubattee gaarii hin beektu taanaan immoo dhimma keeti.Fardii kun immo wagga meeqan
yaabbadheera anu amma kunoo isuma agartudha dullumnis dhufe jennaani male akka lubbuu
kootiin isa mararfadhaa jedhani. Dhugaa jettan abbaa magal anu qoosaafan jedhe yennaa isin
yaabattani gabbaa deemtan argaan ture miti jedhani. Kana na amani yoo ati gombisa fardaa
dhaqxee waraanamtee galte tuu maal jedhe abbaan magal naan jedhi jedhani ancufa isaani
tufani.Gombisa immoo bakka barbaadde dhaqii ilaali. Dimbees Fooqas bulluqis lafa feete
jedahni.bakka fardii itti gombifamuu maqaa dhahani. Gombisaa farda jechuun isaani bakkatti
dorgommiin farda gulufsiisuu jiru jechuudha.Waa malee dubbii kana hin kaafne namichi,
Bartokko abbaa magaaltu Gaangee Hamtuu tokko gabaa geessani gurguraaf.Gangee
haxenyummaa ishee guddina erga koorichaa fe’amtee boodaa yaabbii nama dhowwatti turte.
Bifa ishee yoo ilaalan lokoo fakkatti gangoolii kaan keessa fagootti iji nama irra bu’a. Dhaqni
ishee ija qaba waa itti buunaan akka wayi rifati.Namichi qoroodha hojjettoota isaa lama Gangee
gabaa keessaa hunda caalti jedhamtee yaadamtu akka filatani bitaanifi gabaatti erge.Akkami
ajajaman gabaa dhaqani hoomaa gaangee gurguraaf dhiyyaatan keessa iji isaani Gaangee abbaan
magaala keessa hamaxeenyitti irra bu’’e. Gaangee ilaalani itti toltee bitachuu gatii waliif galuun
dura.Akkamii gaangeen ishee jedhani gaafatani.Abbaan magal silaa dhoksaa hin beekan abba
galeef Gaangee seete feete boossa jedhani akkuma amala isaani itti jajani. Gaangeen yaabbii
nama dhowwatti malee erga irra ba’ani saggarriin ishee ajab nama jechiisisa. Akkasiin gaangee
bitatani galani qorichiis gaangee bitamtee dhufte argee itti tolee.Gaafa ittin deemuuf gaafa
fe’aniifi yaabuudhaf miilla faan keessa galfachuf jedhu gaangee ol utaalte dhiitichoo keessa
keessetti achitti isa dirirsite.Akkuma isaatti achii ka’e maal sin jedhe namichi sinitti gurguree
Gaangee miti feete boosa nun jedhe nutti jajeeho maalitti akkas seenerra nuyi jedhani.Inni badii

43
hin qabuu sinitti himeera. Sintuu hubachuu dadhabe malee jedhani. Haraqee buchullee lama
fixani sadaffaa haa dabalamuuf adda fixee waamani. Addee fiixeen fidani malakkee isaanitti
gugutaniifi biraa deebani. Keessa keessa tokko mamacha’uu waan jalqaban fakkaatu afaan isaan
giinga’uu jalqabeera.abbaan magaal meeqa yoo dhuganu akka dulluma isaani miti lapheen isaani
cimaadha. Jarsii mataan arrii isaanuma cinaadhan ta’u Abbaa magaal maa gootee turte namichi
basuu sana jedhan.
Abbaan magaal eessaa dhageesse isammoo jedhani hahaha jedhani kolfa isaani.
Barana dhimmaaf na bira dhufee abbaan magal raajii na hojjete jedhee natti odeesse jedhani.
Maal na godhe seeta jedhani abbaan magal sagalee ciciracha haraqee isaani habbuuqatani
malakke minjaala irraa dhaabatanii “Amma ka’een hoolaa maseena tokko irraa bite. Ijollee
ergeen fudhadha torban har’aa amma sanatti asuma si bira naad haa teessu jenne waliif
galle.Amma maal na godha seeta an akka booruu ijoollee ergee fudhachuufan jedha akka har’a
ganama bariidhaan dhufee na biraan ba’eera.Ani reefuman dallaa loonii tokko ijoollee wajjin
jijjiirre bunni danfinaan buna dhugne gad baana. Bullukkoo isaa jukitti godhe hankaaksee tokko
qabatee abbaa magaal hoolittin barana sinitti gurguree sunoo rimaa natti fakkaate jaartiin koos na
didee jedhen. Gatiin hoolaa dagadheera jedheeti maali immo hoolaan maaseenumadha. “Bada
magalitihoo ani akkana na gootaa gurbaa jedhen irra bu’uun ijaa itti baabaase Danuudhaan
waameen deemi eebooko bakara naaf fidi ammumaan asumatti garacha isaa jigsa anani ayyaana
na qaba” jedheen itti gafarame. Yoona kana sodaadhaan albaatii ofirratti buusu ga’e.Danuun
dhaabatee na ilaallan hion dhabata jedhen garasatti ka’e mucaan figee dhaqee eeboo naa
fiduu.Namichiikee hoo haa ta’uu yoos fudhadhaa jedheerga jetteani abbaa magal jedhe
washakata fixate.Isammoo ammuma ijoolle ergaatti fuusifadha jedhe.Hin ta’u yoon ani gateettitti
si bachisee hin fiddu ta’e abbaan koo nan dhalchine jedhen ijoolle lama isa waliin ergeen gateetti
baatee fidee hoola.Akkanaan isa godhe jedhani haraqee isaanitti deebi’an. Namoonni kaan
durattu cimina abbaa magala sirritti beeku waan ta’eef safuudha isinif jedhani dhiisani. Yoo
gootumma akka leencaatti hoomaafu harka hin laatan.Danuun akaakayyuu isaatti ba’uu hin hafu.
Akkuma isaani innis jabaataa ilmaati.
Danuun mana barumsaa saqalaa bakka bu’e dorgomiif magaala shaambuu
deemera.Dorgommiiwwaan garaagara manneen barnootaa gidduutti gaggeefamutu shaambuutti
qopheefameera. Taphni kubbaa miilaa, harkaa, darbaa eeboo, utaalchaa, fiigichaafi kanneen
birootu jira. Danuun figichaan dorgommichaa irraatti hirmaachuuf jedha. Kanaan dura si’a
baayyeef dorgomee milkiin deebi’uu isaa baayyeen quba qabu.Dorgomtoota mana barumsaa
irraa deemaniif manni ciisichaa hootela yashiitu qabameerafi. Nyaatas achumaa fayyadamu.
Shaakalaas nigaggeessu turan. Galgala irbaata yogguu nyaatan ijoolleen shamaranii daddafani
nyaachuu irra akka waan nyaachuun safuu itti ta’e wayii taa’ani qubaan qabu.Gareen dhiiroota
nyaatani erga xumuraani taa’ani isaan eegu.Otuu hin quufin akka waan quufani fakkeessuf
gabate irraati dhiisani ka’u.Haala Danuun qalbiin qabe akkas jedhee hiriyyoota isaa maariisise.
Har’a galgalaa irbaataa yogguu nyaannu karaa swiichi ibsaa yookaan bantuuf cuftuu ibsaa
cinaadhaan ta’e ibsaa dhaamsa. Yoo durboonni kun dukkana kana keessa nyaata wal saamte
gabatee duwwaa hin hambistu ta’e na taajjabdu jedhe isaan amansiise. Danuun suuta jedhe ibsaa
dirgim godhe dhaamse. Uyi! Uyi! Ibsaa badee jedhani dhimmicha warri beekan. Durboonnis
dhugaa itti fakkaate. Xiqoo turee Danuun ibsaa yogguu banu gabateen duwwaatti hafeera. Elakaa
ani sitti hin himne nu saalfataniiti male durattu jedhe durboonni qannafatani ol jedhani isaan

44
ilaaluu dadhaban.Akkas sin goonaa jedhani baacoon isaanitti qoosuun galgala sana kolfaan
dabarsani.
Bortumasaa ganamaan ka’ani dirree kubbaa miilla irratti argamani.Dorgommii figichaa walakkaa
maraatoniitu gaggeefama. Dirree kubbaa miilla shaambuu kaasee Kistaana mana barumsaa
didibbee ga’an dirree kubbaa miillaa shambutti kan xumuran.Dorgommii kana irratti Danuun
tilmaama jalqabaa argateera akka injifachuu danda’u.Barsiisaa Firdiisaa dura buutummaan garee
kana mana barumsaa saqalaa irraa bakka bu’ani hoganaa jiru. Danuun dorgimmi kana tokkofaan
xumuruu akka danda’uufi akka qabu itti himaniiru.Keessuma tokko hanga sadiitti namni ba’e
dorgommi marsaa itti aanuu magaala Naqamteetti gaggeefamuu irratti waan hirmatu carraa kana
fayyadamuun akka irra jiru itti himaaniru. Dorgomtoonni uffata figichaaf ta’u gaggabaabduu
jilba gararraatti haftu uffatanii dhaqna ho’ifachaa jiru.Daawwattoonni baayyeen bakkiichatti
argamaniiru, Kani immoo dandii gubbaatti bahani jalqabamuu dorgomichaa hawwiidhaan
eegacha jiru.
Dorgomichi jalqabame dorgomtonni wal cinaa nam’ani didichaa dirree keessa gara magaalatti
qajeelan. Deegartonni maqaa dorgomtoota deegarani waama hamilee ta’aafi harka cab cab
gochaa iyyaa foricaa jiru.Danuun dorgomaa cimaa ta’uun isa bayyeedhaan beekamera.Sagalee
deeggartoota Danu! Danuu ! jedhu baayyinaan dhaga’amaa jira.Danuun isa kam akka ta’e
namoonni hin beekne wal wal gaggaafatani qubaan walitti agarsiisu.Dorgomtonni bayyee saffisa
guddaadhan fiigaa hin jiran akka sichii figichoon dheeraan isaan eegatu waan beekaniif suta
waan jedhan fakkaatu.Namni dadhabee dubbatti haafaa jirus hin jiruu saffisi isaan wal fakkaata
ta’uu baatus dubaafi fulduraan wal hordofani jiru.Danuun harka bitaa qabatee garicha dursaa jira
dargaggeessa dheeraa isa fuulledhan jirutti aanee.Dorgomtoonni magaalicha keessa bahani
dandii hospitaala shambuu geessu ammaa kana qabatani kara kistaanatti qajeelan. Dorgomiin
biroo dirree irratti gaggeefamaa jiru akkuma itti fufetti jira.Barsiisaa Firdiisaan darba
eebboodhan dorgomichaaf dhiyyaatani turan. Kanaanis namni gita isaan darbate eeboo fageessu
hin argamne. Kana malee dorgomiin utaalcha fi kubbaas dirree magaalaa shaambuu irratti
akkuma gaggeefamaa jirutti itti fufeera. Atileetonni magaalaa shaambuu keessaa akkuma
bahaanin wal harcaasuu eegalan.Konkolaataan warra dadhaban funaanuuf teellaa isaani gulufaa
jirti. Danuun shaakala gahaa waan qabu fakkaata qeensaa lafa ejjechaa akka billaacha
kaata.Doqdoqqee daandii itti agarsiisuuf isaan finxiriirtu qofatu isa dursaa jira.Dargaggeessi
dheeraan takkaa yoo tarkaanfatu amma kan Danuu gahuu isaa waliin jira. Danuun
dargaggeesicha biraa ammallee dorgomiin cimaan akka isa eegatu shakkii qaba. Beekkanneen
yoo jaala baaneedha jedhan kanaaf cimiinaan abbaluu akka qabu of amasiiseera. Mana barumsaa
didibee akkuman ga’aniin ofirra naanna’an gara magaalaa shaambutti qajeelan. Bayyeen
waan dadhaban fakkatu ofirra harganaa abdii kutachuu hin oolani Danuufi dorgomtoonni
muraasi mana barumsaa didibee ga’anii karaatti itti dhuufuu eegallaan. Amma dubbiin akka
duraa miti gara galmaa waan taatee akka cimattuu beekamadha.Sa’atii meeqaan akka deebi’uu
danda’an waan beekamuuf deegartoonni duraan mana manatti galanii turaan ammas galumsa
atileetotaa ilaaluuf daandiitti bahaa jiru.Kaan kaan ammoo gara dirree kubbaa dhaqaa jiru
xumurri fiigichichaas achi waan ta’eef. Barsiisaa Firdiisaafi deegartooonni mana barumsaa
saqalaa irraa dhufanii akka nama dahumsaa ciniinfatuu cininnfataa jiru.Ummanni daandii
gubbatti bahee argamuu amma moo amma dhufuu ta’ani ija facasuu.Keessa keessa tokko tokko
ammo dhufaan kaa jedhe sobee qalbii isaan fuudha. Hunduu qarqara ilaaluun akkuma itti fufeeti
jira.Enyuu dorgomicha dursaa akka jiruufi enyuu mo’achuu akka danda’u arguuf hunduu
rorra’eera.Kana gidduudhan sagaleen hursa doqdoqeen dhaga’ama dorgomtonni as dhiyyaachu

45
isaani kan hin shakkine hin jiru.Akkuma shakkanis ta’uu hin oolu. Dargageessi dheeraan sun
hunda dursee teellaa doqdoqeedhaan figaa jira. Isatti aansee fageenyuma xiqqoodhaan Danuutu
jira. Wacii guddaan ta’e.Ummanni dandii gamaafi gamaana toora galani jiran hamilee ho’a
isaanif kennu jalqaban.Dargaggeessicha irra dafqii akka bishaani irra citaa jira.Kan Danuus
sanuma.Safisi Danuu bifa hin yaadamneen dabalaa dhufe.Dargaggeessi silaa isa dursee jiru sana
waliin wal cina bu’ani qajeelan.Dargaggeesichi Danuun akka isa hin dursinee daandii isatti cufaa
figuu eegale.Danuun haala isaa kana waan hubate fakkaata ammalle fageenyi muraasi akka
isaan hafuu waan tilmaameef atakaroo isaa dhaquu hin feene. Keessi isaa humna guddaa akka
qabu ammalee sirritti of amansiiseera.Danuun dargaggeesichaan dursee dorgomichaa dursuu kan
jalqabee addabaab’ii Abishee ammaa magaalaa shaambuu erga ga’anii booda ture. Abiisheen
Garbaa gooticha Oromoo baddaan horroo biqilchitee oromootaaf keenna gootee kennitedh.
Abiisheen abbaa isaa obboo Garbaa Hurrubaa fi haadha isaa aadde Dagatee irraa dhalate.
Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaan bara kudha saddet soddomotaafi afurtamoota keessa
qondaala waraana Caffee Bulluq ture.Bara 1850 ammoo abbaa Gadaa caffichaa ta’ee muudame.
Baraa gadaa isaa 1850-1854 waggaa afuriif ergaa tajaajilee booda bara gadaa isaa osoo hin
xumuriin 1854’ttin boqotee.Weerartoonni naannoo amaara irraa dhufani yeroo yerootti lola
oromoota horro irratti banuun kan amaleefatamedha.Si’a kana ammoo gama tokko abbaan Dulaa
isaan Garbaa Hurruubaan boqotanii jiru gama biraan lolli weerartoota amaaraan itti banee
jirachuu isaa bu’uura godhachuun caffeen Bulluk yaa’i ariifachiisaa gaggeesse abbaa gadaa
haraa mudachuuf ture.Yaa’i kana irraatti argamuun Abiisheen Garbaa bara gadummaa abbaan
isaa dhiisee du’e wagga afur itti fufee bulchuu akka qabuu yaa’ichaaf yaada dhiyyeesse.Ta’uus
akka sirna Gadaatti seerii akkasi waan hin jirreef yaadi Abiishee akka hin fudhatamuu hin
dandeenye itti himaame.Abisheen garuu degartoota yaada isaa kana deegarani qindeefachuun
bara gadummaa abbaa isaa itti darbee bulchuu akka qabuu taasise. Kanaanis bara Gadaa abbaa
isaatti darbee bulchuu jalqabe.Abisheen qaamaan guddaa bifaan godeessa onneen ibiddaa
gootummaan amma tulluu gahudha. Namoonni ciminaa Abiishee
Lafa dhiitee darbaa
Xeebaa hin dachaasani
Warri Abiishee Garbaa
Reebaa kattaa shani.
Jedhani ciminaafi jabina Abiishee dinqisifatu turan.Abiisheen yommuu adeemuu lafatu jalaa
socho’a jedhama. Kunis guddinuma qaama isaa ibsuuf kan akeekamedha.Akka himamutti haati
Abiishee Aadde Dagattee daldaltuu cimtuu turte.Guyyaa tokko Abiisheedhaa garaatti baatee
gabaa shaambuu ooltee gabaadha otoo galaa jirtu karaatti ciniinsuu ishee qabe.Birbirsa guddaa
mana amantaa kiristaana bataskaan maarihaam magaalaa shaambuu gajjallaa jirtu gorte Abisheen
birbirsicha jalatti godhatte.Achittis hoomaan goondaa dhufee lafa Abisheefi haati isaa Dagatteen
jiranitti marsee karaa bahan isaan dhorke.Haalichi namaa galuu dinnaan mana qaalluu hooda
dubbistuu dhaqani dhimmicha itti himan. Qaalichi kormaa bakka sanatti akka qalani ajajee
Abiisheen cimaafi gootaa akka ta’us achumaan akka raagetu dubbatama. Gara Abiisheen itti
galagalee rafee biyyi ceeqamaa akka buluus qalichumatu rajee ture.Akkuma jedhame Abisheen
gootua gootumaan isaa hin komatamne ta’e argame.Weerartoota amaaraa daanga darbanio
dhufanitti gootummaan isaan dura dhaabbatee qorichaa isaani qotaafi ture.

46
Abiisheen akkuma yaa’ii duratti waadaa seene angoo abbaa isaa itti darbee humnoota saamtoota
kana biyya irraa deebisuu danda’era.Kun immoo caalmamatti akka inni Caffichaan jaallatamu isa
godhe.Goojjamoota karaa Amuruu laga mormor cee’ani dhufaan rukutee biyya irraa dachaase.
Abiisheen bara abbaan gandummaa abbaan isaa dhisee du’e xumuree angoo gad hin dhiisne
ittuma fufee bulchuu filate.Kana malees mootolee kaan naannoo isaani jiran kan humnaan kaan
immo itti dhaamee dhuftee naaf bitamtamoo dhufee si waraanu jedhe dhaamsa itti erge daangaa
angoo isaa babal’ifachuu jalqabe.Mootii dhaamsa isaa dhaga’e fedhaan gara bittaa isaatti hin
dabalamne Abiisheen humnaan mootumma isaa cabse gara aangoo isaatti dabalachu itti fufe.
Bar tokko saamtonni naannoo amaaraa dhufaani goodaa kokoritti nam’ani loon goodaa keessa
ooffatani saamanii bahuuf dhufani.Loltoonni Abishee Garbaa bosona kokor keessa daheefatani
riphanii isaan eegachaa turan. Isaan loon ooffatte bahuu jedhu loleen Abiishee Garbaa itti
ba’anii mulluu godhani lafa isaan naqani. Gafaa lola goodaa kokor dhiirri muratee lolichatti hin
gallee hin jiru jedhama. Abisheen Garbaan walumaa gala gara lolee kuma kudha shanii akka
qabutu dubbatama.Abbaa Duulaa Dabaloo Gannaafi Dagaa Horoo anga’oota bara bara
moottummaa Abiishee Garbaa keessa isaan tokko.Abishee Garbaa mootummaa isaani caala
gootummaa isaani kan inni uummata biratti beekamu.Keessuma lola inni dhakaa adii guduruu
irratti, Odaa Ganjii irratti, Dirree dulaa dilaaloo irratti, Lola goodaa kokor irraati olaantummaan
diina injifatee xumuruun isaa uummata biratti jaallatamummaa guddaa akka horatu isa godheera.
Abiisheen akkaataan inni gara aangootti dhufuun isaa faalla sirna gadaan haa ta’u iyyu malee
haalli caasefama aangoo sirna gadaa kan bu’uura godhatedha.Abbaan Duula jira, Abbaan Biyyaa
jira, Abbaan halangee jiraa, Abbaan Sa’aa jira, abbootin gadaa hundinuu Abiishee irraa kaasee
amma goodaatti bakka bakka isaanii eeggatani akkuma jiranitti jiru turani.
Humni weerartoota Goojam amaara irraa dhufan Abiishee lolani injifachuu waan dadhabanif
Abiishee wajjin jinniitu lola jedhani amanu turani. Abishee humnaan lolani mo’achuun akka hin
danda’amee waan amananiif karaa nagaa araaramna jedhani sobaan kiyyeeffatani isa qabuu
murteessani. Araaraa kanas karaa mootii Jimmaa Raaree Qadiidaa Wannabee itti deemuuf wallif
galani.Qadiidaa Wannabees humna mooticha Abiishee Garbaa waan sodaatuuf amaarotatti
michoomuu filate. Amaaronni Qadiidaa Wannabeen Abishee waliin akka walitti isaan araarsuuf
jaarsa araaraa godhani Abiisheetti isa ergani. Guyyaa kana kennaa godhani Beenacha Fardaa
warqiirraa hojjetame Abiisheef fudhanii dhaqan. Kennaa kanaa Horro bakka teessoo Abiisheetti
fidee kan dhufe Dabtaraa walda Haannaafi Qadiidaa Wannabee turani. Dhuufaatiin Walda
Haanna inni guddaan jinniit Abiishee waliin lola jedhan sana akka irraa ari’uufi inni lammataan
ammoo Qadiidaa Wannabee waliin haal-duree araarichaa akka mijeessanif ture. Walii galtee
araaraa kana irraatti Abiisheen hirmaachuu walii galee Abbaan Dulaa Dabaloo Gannaafi Dagaa
Horoo shakkani Jaaloo araara kana otuu amanuu baattan jedhanii itti himanii tura.Abishee garuu
gurraa irra hin yaane. Amaaronni daangaa guduruu qaxxaamurani kokor qubatani.Araara
fakkeessani dunkanotaafi tarsimoo waraanaaf haala mijeeffatani. Kokor lafa teessuma Abiishee
Garbaa dooyyo irraa gara kiloomeetira digdamaa fagaattee argamti.Amaaronni erga haal-duree
hunda mijeefatani Abiisheetti ergani.Abiisheen dhimmicha dhaga’e lolee isaa gara kuma afuri
qabatee gara kokor dhaqee.Abisheen kakaadhan dursee waan waliif galeef kakuun diigamatti
waan shakke hin turre.Abisheen akkuma dhaga’e araaraf se’e bakkicha ga’e.Akka aadaa
oromootti namni araaraaf deemuu meeshaa waraana kamuu qabatee mana hin seenu balbala jala
hirkifatee yokaan garboota wardiyaa eeganitti kennate ol seena malee. Abiisheen Ilmi Garbaa
Hurrubaas akkasuma godhe.Abbaan dulaa Dabaloo Gannaa araaricha irraa amantee waan
dhabeef loleewwan isaani milla faana fardaa keessa akka hin baasneefi of dagatanii akka hin

47
dhaabbanne akeekachiisani jiru.Abisheen akkuma manatti ol seeneen diinaan Gaadi’amuu isaa
gantuun garaan buburree kan arrabni dhadhaa garaan ishee dhagaa loltoota isaani bakkee
riphanii gadi’amuu Abiishee egaata turaniif dibbee rukutanii mirkaneessaniifi.Yeroo kana
humnoonni amaaraa daheeffatanii turan lolee Abiisheetti waraana banani.Loleen Abiishee
Garbaa abbaa Duulaa Dabaloo Gannaatin durfamu amma fixani fixanii wareegama guddaa
kaffalani.Abbaan Gadaa Dabaloo Gannaas lola kana irratti wareegamani.Abbaan Dulaa Dabaloo
Gannaa jaalaa ba’uu hin dandeenye malee beektani turani.Beekkanneen immoo yoo jalaa
bahanidha. Abisheen ilmi Garbaa ilma Garbaa Hurrubaa waan inni hin eegnetu isa simate. Akka
qurxummii kiyyoo lixxee karaa bahaa dhabe. Jabinni, haxxummaan ,ciminni, malamalteen
duratti haraa Abishee Garbaa isa gane.Akka nama daakaa hin beekne tuujuba bishaani guddaa
seene waan qabatu dhabee wixxirfatu ta’e.Duratti fardaa isaa makoo gubbaa ba’ee dinaa
garanaaf garatti kukuffisee kokkolaasu har’a akka sa’aa elmaamuuf qophooftee gaadi’amee
taa’uuf dirqame.Kan keessa beekuuf lolii tapha jedha Abiisheen. Har’a garuu tabba itti ta’e.
Abiisheen gowwoomfamuu isaa mirkaneefate waan jechaafi gochaatu isa harkaa badee waan
qabatuuf waan dhiisu wallaale ariidhaan mataa ofirraa cire.Jabaan mo’uu malee mo’amuu hin
beekne, Jilbeefachiisu malee jilbeefate hin beekne, Cabsuu malee cabee hin beekne qabamee
Goojam akka deemuuf ajajame.Abiisheen guddina gootuummaa isaa irraa kan ka’e deemuuf
ajajamaa ta’uu hin dandeenye. Kanaaf harqotatti hidhani harqotaan isa harkisani gojjamiin isa
baasani.Achitti bakka Jabalaafi Maxaraa jedhamutti hidhanii isa hiraarsaa turani. Abiisheen Ilmii
Garbaa Hurrubaa gowwoomuu isaatti gaabbii guddaa irraa kana ka’e quba isaa abgudduu
alalfatee nyaate ofi rraa kute.Caffeen Bulluq dhimma kana callisee harka maratee hin
teenye.Abiishee deebisifachuuf araaraa ergani.Kun kan ta’uu danda’u amma waggaatti loon
dhibba afur yoo fidan Abiisheen akka deebi’uufi waliif galani. Kunis toofta itti saamicha loonii
gaggeesani malee dhuguma deebisuuf hin turre Caffeen Bulluq samichaaf akka ta’e baranii mala
dhabani.
Niitiin Adal Tasammaa gooticha loltoota ishee fixaa ture ilaaluuf ofitti waamsiste.Abiisheen
durattuu godeessaa amma beelaafi dararaa irraa kan ka’e bifa namummaa isaa dhabeera. Nittin
adal Tasamma Abiishee argitee “kan godooma kee moo kan gowwooma kee” jette itti makmaate
jedhani warri afaanicha hiikuu danda’ani. Abiishee irraan dararama jabaa ergi gahani booda lafa
qotanii mormaa gad isa awwaalani soogidda mataa isaatti firfirsani Fardaafi Gaangoon akka isaa
qorqani godhani.Ergii lubbuun Abiishee keessaa baatee booda bataskaana Dabre Maarqoitti
awwaalani. Bakki awwalcha Abiishee loltootaan tikfama ture. Sababiin isaa Dabtaraan Reeffi
Abiishee bakka dhaloota isaa Horrotti yoo deebi’e goota akka isaatu dhalata jedhee waan raageef
tarii Caffeen Bulluq warrii Horroo reefa isaa akka dhufanii hin fudhaan tiksuu isanitti.Reeffi
Abiishee bakka dhaloota isaatti akka deebi’uuf firootaafi Lolee isaatiin al garaagaraa yaalamaa
tureera.Abbisheen walumaa gala baraa gadaa sadii bulcheera kana jechuunis bara 1855-1877 ‘tti
jechuudha. Ergii Abiishee haala kanaan gaadi’amee obboleessa Abiishee isa quxusuu Fandalalaa
Garbaatu gara angootti dhufe.Fandalaa gara angootti akka dhufu kan godhameefi ija Abiisheetin
uummanni akka isa ilaaluuf ture.Gumaa obboleessa isaa Abiishee Garbaa ni basisuu danda’a
jedhameetu.Fandalaan gumaa obboleessa isaa baasuu mannaa warra gumaatti michoomee isaani
wajjin hojjete.Kun umata biratti fudhatama isa dhabsiise.Qeeqi guddaanis Fandalalaa irra
ture.Obboleessi abbaa Dulaa Dabaloo Gannaa Jaalataa Gannaa gumaa obboleessa isaa Dabaloo
Gannaa baase. Fandalaalaan garuu gumaa otuu hin baasiin hafuu irra darbee warra gumaatti
michoomuu isaa Jaalataa Gannaa akkas jedhee itti geerara ture
Gumaan Dabaloo Gannaa

48
Amaara shantama taate
Gumaan Abiishee Garbaa
Caabetaa Shantama taatee .
Jedhee Jaalataa Gannaa cigoo geerarsaan Fandalala qeeqaa ture. Kana malees hawwaasi naannoo
makmaaksa godhee Fandalaalaadha ciguu turani.

Fandee faandiyyaa Garbaa


Gumaa mootichaa hin baafne
Siree mootichaa yaabdee
Jedhani tuffidhaan Fandalalaa Obboleessa Abiishee Garbaa gumaa nyaaticha cigus
turani.Abisheen kan keessa beekuuf lolii tapha jedhee lola loluu akka waan bashannanaatti
lakka’a. obboleessi isaa garuu Fandalalaan lole lolichiisu irra warra gumaa waliin michoomee
gumaa Obboleessa isaa Abiishee otuu hin baasiin hafee.
Atileetonni lamaan kokkee irra wal ejjechaa waan figan fakkaatan sun Adda baaba’i abishee
darbani gara hootela Waabeetti ammatti dhiyyaataniru.Danuun dargageesicha akkuma dursetti
jira.Danii konkolaata gara magaala saqalaa geessuu harka bitaatti dhiisani hotole Jiituu
duddubaan irraan gadee akka konkolaataa lugamni citee murxuxifamaa jiru.Sagaleen namoota
Danuu! Danuu! Danuu! Jedhu dhaga’amuu jalqabee. Deegartoonni dirree guutanii jiran ijaa
fafacaasuu eegalani.Dargagoonni lama wal duraa duubaan akka kaatantu mul’ata.Barsiisaa
Firdiin sagalee Danuu! Danuu jedhamuu akkuma dhaga’ani gutummaani riffensa isaani ka’e
waan dhaabate fakkata haamilee guddaadha Danuu simachuuf of qopheessu eegalan.Waci, cooki
haamilee daawwatoota dirree keessa daran dabalaa deeme dargageessi sila dubatti hafee
fakkaatee bifa hin eegamneen dhufee Danuu irraan ba’e ittuma waci deegartoota baayyate.
Danuun dargaggeesichi irraan ga’uu yoo arguu waan rifatee fakkatus mogolee hin laafne hamilee
guddaan onnatee ka’e.Atilleonni kaan reefu dirree galuuf jedhu. Jarri kun lamman garuu sarara
xumuraa irra ga’anniruu.Danuu durattu xumura irratti si’ataadha fardii fincaani isa qaqqabuu
dadhabee shamaxaxee bira daarbee.cookii daawwatoota laga gootaafi magaalaan shaambuu
sochoosee.Danuun tokkofaan xumuruu isaa fo’aa shamarran lamaa fixee fixee qabanii garanaafi
garasiin dhaabbatan kutee gidduu darbe.Onneen isaa ba’ee baduu waan ka’e fakkaata akka
kuruphee harkaa adamsituu jalaa baatee nafa nafa onneen isaa dahataa hafuura fudhachaa otuu
jiruu barsisaa Firdiin dhufaan lafaanni gaggabee taa’ee jiruu hamaarani gateetti isaanitti
baatani.Danuutti naanna’ani deegartoonni sirbaani weeddisani.Badhaasiii tokkoffa ba’uu isaa
mormatti ka’ameefi.Marsaa itti aanuu magaala Naqamtee deemee akka dorgomuus asumaan
mirkaneefate galee. Danuun dorgommii magaala shaambuutti qophaa’e walakkaa maraatoni
tokkoffaan xumuruun isaa bartoota mana barumsaa saqalaafi jiraatota naannoo biratti
odeeffamuu jalqabee.Kanaanis Danuun dhageetti guddaa horate.Amalli Danuun barnoota irratti
qabu yeroo dhaa gara yerootti akkuma jijjiramaa dhufeetti jira. Guyyaa tokko tokko barnoota irra
akkasumaan sababa malee hafuu jalqabe. Rakkoo isaa kana namni hubatee fala kennuufi
danda’uu hin turre.Tarii dhukkuba jedhamees mana yaala geessinaan manni yaala qorichaa
mataa bohuu irra darbee waan inni godheefi tokko hin turre.Nadhiin guyyaa Danuun mana
barumsaa hin dhufiin oolee akka ishee jibisiiseetti oolti. Innis yoo ishee argee dhibeen isaa

49
xiqqoo akka itti furuu ta’a. Kani inni mana barumsaa dhufuyyu inni Nadhii arguu barbaadeeti
malee ergi mi’aan barnootaa isa keessa dhabamuu jalqabee bubbuleera. Hariiroon Nadhiifi
Danuu jabaataa deemus akka wal jaalachaa jiran afaaniii baasanii walitti hin himne.Danuun
jaalala Nadhii of keessatti dhoksee qabuuf dirqame.Kanaas itti himnaan yoo isheen didde walitti
dhufeenya amma waliin qaban akka jalaa hin balleesine sodaatee callisee taa’uuf dirqame.
Baratoonni mana barumsaa saqalaa Nadhii jaalalaaf hin barbaanne hin turre. Garuu jaalallee
Danuuti jedhani waan shakkaniif Nadhiitti dubbachuu ni sodaatu.
******************************************************************************
Barnoonni eegalameera. Imaanaan akkuma Imaaneffatee manaa ba’e cimee hojechaa
jira.Dabareen barnoota Isaafi Cortuu garaagaradha.Kan tokko waaree dura yoo ta’e kan tokko
immo waaree boodadha. Carraan wal arguu Cortuufi Imaanaa ergi barnoota galanii sa’atti kudha
lama booddeedha. Xiqqoo erga boqotanii waan nyaatamus afaani qabanii boodaa gara
qayyabannaa isaanitti darbu turani. Imaanaan gosa barnootaa herrega, Saayinsi Naannoo,
Ingiliffaafi Afaan oromoo cortuu dabaree dabareedhaan qayyabachiisa.Hojii manaas waliin ni
hojjeta. Akka qabateefi hin qabannes gaffilee tokko tokko waan ishee qo’achiisaa ture keessa ni
gaafata. Cortuun jijjirama gaarii agarsiisaa jirti.Haala kanaan ergi ishee qayyabachiise booda
Cortuu gaggeesse manaan ishee geesisee debi’a.Manni Cortuufaafi Imaanaafaa mooraa tokko
keessa manoota tarree galanii ijaramanidha.Mana walii isaani gidduu kutaa mana kireeffamu
sadii qofatu jira.Cortuun qophaa ishee mana Imaanaafatii baatee mana isaanii seenuu in sodaatti.
Wanti nama sodaachisu jiraateef otuu hin taanee sababiima halkan ta’eef waan sodaatufi malee.
Imaanaan yeroo ishee gaggeesu iyyuu Cortuun Bobaa isaa jala seentee adeemti. Takka dabuma
ishee kana ballesuuf jedhe Imaana harkaa ba’ee figa. Yoona kana Cortuun akka waan warabessi
isheetti ba’etti iyyite oollaa jeeqxi.Akkasin galgala galgala waan ishee sodaachise gamsiiseef
Cortuun uffata Imaanaa amma manaan ishee ga’utti hin gadhiistu.
Cortuun amma barbaadame ta’uu baatus jijjiramni isheen agarsiisaa jirtu kan jajjabeefamuu
qabudha.Qormaata kudhan keessa torbaa ol argachuu jalqabdeetti. Keessuma guyyaa kudhaan
keessaa kudhan argatte gammachuudha figdee dhaqxee amma Imaanatti agarsiistutti jarjarti.
Harmeen ishee aaddee Garummeenis foyya’insa ishee kana argani daraan jaalataniiru.Guyyaa
Cortuun ottu hin dubbisiin dagatte tv ilaaltu arginaan Cortuukoo har’a hojii mana hin qabduu
dubbisa kee dagatte jedhani ishee yaadachisuu. Cortuun baruule ishee butee kaatti gara
Imaanaatti yoona kana.Hojii mana ishees seeraan otuu hin dagatiin hojjechuu itti fufteetti.
Qormaanni walakkaa jaqabaa yokaan seemisteeraa tokkoffaa jala waan ga’eef Imaanaan qophii
gahaa gochaa jira.Cortuunfaa garuu qormaata xumura yokaan Fayinaali waan hin qabneef jarri
battaleewwan yeroo yeroo fufudhatani xumuranii jiru. Akka duraani dubbisaaf ta’uu baatus
Cortuun galgala galgala Imaanaa bira dhuftee xiqoo taphatte galti akka duraas otoo hin
dukkaneefatin galti male. Imaanaan dubbisaa irra turee amma Cortuun dhuftee isa waliin taphatu
hawwiin eeggata ture. Cortuun dhuftee isa waliin yeemmu taphatte galtu keessi isaa harefama.
Akka nama araadaan qabamee amma waan araada isaa sana argatuutti hin boqonne Imaananis
otuu Cortuu hin argiin yokaan dhuftee amma isa walin taphatutti arra’uu jalqabe. Imaanaan
Hurrumuuf keessumaa waan ta’eef hiriyyaan inni waliin taphatuu yoo jiraate Cortuu qofadha
umuriidhaan gita isaa ta’uu baattus akka hiriyyatti waliin taphatu.Cortuunis mooricha keessa
ijoolleen isheen waliin taphatu kan biraa waan hin jirreef Imaanaa waliin taphati. Imaanaan dur
biyyatti kolfee nama kofalchiisu, taphatee nama taphachiisu amma akka durii miti wanti hunduu
haraa waan itti ta’e fakkaata.Ijoolota isatti dhiyyaachuuf jedhaniif illee faraa isaa hin hiiku ture.

50
Kana irraa kan ka’e baratoonni kutaa isaas ta’e kanneen biroo isaa waliin taphachuu ni sodaatu
turani. Kutaalee Iluu Abbaa Boor qabduu keessaa bakka kutaalee baayye keessatti afaan
amaariffa akkuma afaan oromootti dubbatma. Magaalaa Hurrumuuttis afaan amaariffa akka
gaaritti dubbatama. Godina Iluu Abbaa Boor Itiyoopiyaa xiqqoo jedhamtee yoo waamamte soba
hin ta’u.Sabaaf sab-lamoota heddutu achitti argama. Hurrumuunis akkasuma. Guraagonni
daldalaaf magalitti keessa jiran, Tigiroonni gandaa waangeenye , Gaabaa qubatani jira,
Amaaronni bakka adda addatti fafaca’anii jiraniif hojii humnaa magaala keessa deemani hojjeta
Itoopiyaa xiqqo jechisisuuf agarsiistuu guddaadha.Kana irra ka’uun afaan amaariffa afaan
oromootti aansee akka gaaritti kan dubbatmuufi.Dhalatoonni naanichaa amaras ta’an oromoonni
afaan amaariffa akka garritti dhaga’uu irra darbee ni dubbatu.Imaanaan garuu afaan amaariffa
gurra kee sirra murra otuu jedhanu waan dhagahu miti.Imaanaan baratoota kutaa isaaniif musee
daree ture.Imaanaan halli loqoda dubbii afaan isaa akkuma horroo dhufetti waan ta’e baratooni
yeroo inni dubatu cal jedhani afaan isaa keessa ilaala hasaa isaa dhaggeefatu. Isa
dubbachiisudhaaf jedhaniis wan isaan hin goonee hin jiru. Keessuma wayita barsiisaan daree hin
jiree kutaa jeequdhan akka inni fulduratti ba’e isaani dhorkuu taasisu.Kanaas isumaa hasobsisuuf
waan isaan godhani ture.
Imaanaan baratoonni jeeqani gamsiisaan fulduratti ba’e gabatee gurraacha rurukutee
“ Ishi, Ishaa, callisaa, maa’a taatanii akkas jeexxu?jedhe. Baratoonni hunduu callisani isa
dhaggefachuu jalqabani.Ammas itti dabalee Imaanaan
“Ugaa waaqa amma jexxanitti maa’a ta’a yoo dubbistan, qormaatatti deema jirtu miti siriisaa?
Yoo hin dubistani ta’e isaa, warra dubbisu hin jeeqina cal je’a taa’a. Garuu kana booda namni
tokko jeeqe jennan, imma keessan an keessa hin qabu lakkobsa keessan qabeen aqee barsiisaatti
keenna ” jedhe deebi’e taa’e. Barataan tokko akkuma inni ofirra deebi’ee taa’en ammas itti fufee
jeequu eegale.Imaanaan akka durii isaa ka’ee isaan tasgabbeesu hin yaalle lakkoobsa isaa qabee
barsiisaatti geessuuf dirqame.Imaanatu hin hubbanneef maalee sababni isaan akkas godhaniifi
dhugaadhumtti jeequu barbaadanii osoo hin taane loqodoa horro warra “dhaa” akka abbiyyuutti
lagatan sana isa hasobsiisani dhaggefachuu barbaachadha male.Bariisaa dhufani baratichaan
waamanii fuldura baratootaatti jilbeefachiisani akka inni harka isaa milla jala baasee gurra
qabatu ajajani.Adabbii isaa fixatee gara bakka isaatti deebi’e. Baratichii Imaanaatti waan mufate
fakkaata afaan amarriffan Imaanaa arrabse baratoonni rifatani callisani. Imaanaan maal akka
jedhee homaa isaaf hin galle ture. Garuu akka inni waa jechuu barabadee isaaf galuu hin oolle.
Maal akka isa jedhe amma barutti waan jarjarees fakkaata. Hiriyaa isaa Sumaa’oliin gaafate.
Arrabsoon sun hikii isaa maal akka ta’e hikeefi Sumaa’ol. Imaanaan amma barsiisaan ba’ee
baraticha qabatee qufaa isaa irraa galchutti ariifate. Wayitiin Guddinaaf Jabeenya Qaamaa (GJQ)
geenyan baratoonni gara dirreetti ba’aa jiru. Imaanaan dirreetti akkuma baratichaa biraan ba’e
“ Maa’a jettee turtee sila ati” jedhe
“Maaliin jedhe” kan jedhu turee deebiin baratichaa. Sodaan tokko keessa isaatt iwal funaana jira.
“Isayyuu na gowwomsu barabaduu keeti” jedhe kaballaa gurratti qadaadee dhitichoon milla jalaa
yoo kaasuu lafatti isa dha’e.
Achii kokkee isaa qabee ol isa kaasee dhaabe. Akka allaaddu bishaan keessa hurgufamuu
jalqabe. Kana giddudhaan barsiisaan dhufee giddu isaani gale. Maalif akka wal dhaban gaafate.

51
Baratoonni abbaan badii enyuu akka ta’e ragaa ba’ani.Baratichaan tapha kubbaa milla wayitii
sana akka hin taphanne adabani barsiisaan.
Bu’aan qormaata marsaa jalqabaa barammeera.Imaanaan akkuma waadaa galee qabxii garii
galmeessise.Cortun ammoo amma eegamuun olitti ta’uun ishee hin oolle baratoota kutaa ishee
keessa sadarkaa sadaffaan xumurte.Kun Cortuufis ta’e harmee isheef gammachuu guddaa
ture.Imaanaatis gammachuu gudaaatu dhaga’ame. Cortuun waan harmeen ishhee waada galaniif
sana amma bitanitti dhaabiif taa’i dhowwite. Waadaan waadaadha hin cabu hin dabu harmeen
Cortuus akkuma waadaa seenan uffata aadaa wallagaa Cortuudhaaf bitani. Durumaayuu hamilee
itti horuu isaniti malee Cortuun waan barbaadee amma bitaniifitti guyyaa tokko hin bulani.
Tokkitti isaani akka qaroo ijaatti kununfatu. Cortuu irraa adda ba’anii guyyaa tokko oolani hin
bulani. Nyaannis Cortuu malee lagaa isaanif hin darbuu.
Hariiroo Cortuu fi Imaanaa yoo ilaalan akka ijoollee ollaa walii jiraatanii osoo hin taanee akka
haadhoo garaa tokko ba’anii fakkaatu. Yoo deeman waliin yoo ka’an waliin wal malee waa
tokko hin godhani.Keessuma ergaa deemuu taanan wal malee mana hin ba’ani.Namoonni
bakkeetti wali wajjin isaan argani obbolaa isaan se’u turani.
Kutaa mooricha keessa kireefameeru hunduu bakka lama lamaatti keenyaniin kan adda
baafamedha. Tokko golaa yoo ta’u tokkichi immo ifadha.Imaanaan Firaashii irra bulu ifa
buufatee rafa.Yoo dubbisus achumarra taa’e yoo dadhabee rafa. Al tokko tokko yoo waan
barreessu qabaateefi dubbisuun firaashii irra taa’e dubbisuun yoo isa hin sheeqqanne minjaala
fayyadama.Cortuun mooricha nama waliin taphatu waan hin qabneef yeroo isee baayyinaan isa
waliin dabarsuu feeti.Inni garuu yeroon dubbisa isaa akka jaala hin miidhamneef Taphachiisuuf
yeroo bal’aa hin keennuufi ture.Kanaaf Cortuun al tokko tokko itti mufatte ijoolle waliin taphatu
barabacha gara galmaa magaala Hurrummuu deemti. Galmi magaalaa Hurrrumuu dandii
konkolaata irraa gara sidaa bareeduu duriitti maqani dandii qal’oo gara qe’ee Imaanaanfaa
gessitu harka mirgaatti dhisani, buufata fayyaa magaalichaa bira darbani, wajjira mana murti
Aanichaa fulledhan dandii harka bitaatti maqsu qabatani wajjiraa mootummaa aanichaa bakkatti
argaman keessatti galmii aanichaas argama. Galgala galgala ijoolle bakka kanatti walitti
qabamani taphachuu jaallatu.Maqaa naannicha “safara addarasha” jedhani waamu. Cortuun
Imaanaan dubbisaatti waan goreef safara addaraasha deemtee taphachuuf.
Harmeen Cortuu hojiidhaa galanii Cortuun Imaanaa bira jirti se’ani akkuma baratame. Garuu
isheen gaaf gaafii safara addaraashaa deemti turte. Akka tasaa Cortuu daftee gara manaatti
deebi’uu diddee yoo aduu dhiisifatte Imaanaan Safara addaraashaa dhaqee Cortuu dhaan fudha.
Imaanaan Cortuu safaraa addaraashaati dhaqee fiduun hojii idilee isaa ta’uu jalqabe. Kun immoo
itti gaafatamummaa guddaa Cortuu eeguufi kununsuuf itti laateamee ta’e itti mul’ate.Tasa
Cortuun ijoollee waliin wal dhabdee ishee boosisanii Imaanaatti himatteetti taanaan nama sanaaf
dhumateefi. Imaanaan namni tokko Cortuutti akka bu’u hin barbaadu ture.Namni tokko dangaa
isaa darbee Cortuutti bu’era taanan Imaanaan Cortuu irraatti dhaquun isaa addee Garummees
Cortuus gammachiiseera.Kana irraa kan ka’e namni tokko tisiisaa Cortuu kan irraa kaasu haa
turuuti kan ol jedhee ishee ilaalu hin turre. Cortuun sodaa tokko malee amma taphatuu taphatte
galgala galgala Imaanaan dhaqee fuudha. Cortuun harka isaa qabatee isa waliin gara manaati
qaxxisti. Gutummaan moorichaa Imaanaaf jaalala addaa waan qaban fakkatu.Innis qalbi
qabeessa mucaafi tasgabbaa’a waan tureef hunda biratti ilaalcha gaariifi jaallatamumma guddaa
qaba. Keessuma barsiistu Obseefi harmeen Cortuu Gaarrummeen akka ilmoo isaanitti isa
jaallatu. Waan barbaadan yoo isa gaafatan tole malee waawuun afaan isaa keessa hin baa’u.

52
Jarjaree yokaan ariifate hamaa namatti hin dubbatu Imaanaan. Kanaafi hunduu akka ilmoo
obboleessa isaanitti kan isa ilaalanifi. Innis waan ofii isaa gochuu danda’u mara gochuuf of
waakkataa hin turre. Ganama ganama daabboo cireedhaaf ta’u yoo bitu suuqii dhaqu ollaan
isaanis yoo barbaadan qarshii irraa fudhee jaraafis bitaafi dhufa.Cortuu gaf gaafii hirribaa
dammaqsee waliin deemani bitu. Gaafa isheen hin kaane immo yeroo deebi’u qirqidee ishee
dammaqsa. Harmeen ishee waamani waamani hiribaa ka’uu dinnaan Imaanaa itti waamani. Suta
jedhe dhaqee Imaanaan
“Cortuu! Cortuu !” jedhe
“Hii” jette hirriba keessa.
“Ka’i barnoonni sitti barfata jira” jedhe
“hiii” jette ammas hafuura dheeraa baafatte cinaacha ishee gara tokko galagalchattee.
“Ka’ii sa’atiin barnoota sitti ga’era” jedheen.Achuma cinaa ishee siree qarqara taa’e jira.
“Xiqqoo isheen rafa mee Imaana” jettee dunquqqii hirribaa keessa hin baane ammayyu.
Kana giddutti “Cortu! ka’ii amma dafii intala nana kaanaan achii bishaan kana fidee sitti naqa
achitti. Imaanaa! mucaa kana qirqiddeema kaasuu dadhabde mitiree? Jedhan harmeen ishee.
Imaanaan hin kaatu mitire ergi akkas ta’e jedhe otuu hin fixiin waan jechuu barbaade. Waan
isheedhaan jedhamaa jiru hundumaa dhageessi sobdee akka nama dhaga’a hin jirreetti hafuura
dhokfatteetti male. Imaanaan Ishee qirqiduu jalqabe. Cortuun sila akka nama hirriba keessa jirutti
kurruufaa turte. Kolfa futtaafatte siree irra asif achii gangalatee kolfaan gaggabdee amma
fincaan busuu geesutti Imaanaan gad ishee dhiisuu dide.
Harmee! Harmee! Ilaalika Imaanaan na qirqida Jechaa harkaafi millaan wixxifachuu jalqabde.
Harmeen Cortuu ishoo baga hin gadhiisin Imaanaa jedhan. Akkasiin Cortuun hirribaa kaatee fula
ishee dhiqatte gara mana barumsaa deemte. Taateen ganama ganama Cortuu hirribaa kasuu
dabalaa dhufe. Cortuun amma inni dhufee ishee dammaqsuttu hirribaa ka’uun ishee jibbisiisaa
dhufe.
Waldaa warra Wangeelaa Makaane Yesuus Onesmootti gurmuu faarfatoota Dibooraa keessatti
Imaanaan tajaajila faarfanna jalqabeera. Gurmuun Dibooraa dargagoota reefu sookala ta’an akka
Imaanaafaa of keessatti waan hammate jiruuf lubni waldichaa Imaanaanis garichatti akka
dabalamu taasisan. Imaananis miseensota garichaa waliin hariroon inni qabuu jabaate hiriyoota
gaggariis horachuu jalqabe. Jarris jaalalaan ofitti isa qabani amma inni keessummaa ta’uu isaa
dagatee akka nama achitti dhalatee guddateetti jaalala itti agarsiisuu jalqabni. Akkanuma
badiyyaa mana jireenya isaanitti isa fudhatani galuu. Imaanaan kana kana yoo argu isa yeroo
horro jiru farda adilee yabbatee haroo yaantoo irra gulufisisee mana akkoofi akaaka isaa
dubbisuf dhaquu yaadatee garaan isa moga’a. Ta’us Hurrumuus ergi dhufee hiriyootafi firoota
akka Saamu’el, Ebbisaa, Isaayyas, Samsoon, Abel, Dawit qabaachuun isaa akka inni akka
keessummatti of hin lakkofneef isa gargaareera. Keessuma Imaanaafi Eebbisaan magaala
hurrumuu waan jiraatani hiriyoota isaan ganda baadiyaa goljoo jiraatan waliin deemani
shonkoraa, muuzii, maangoo, abukaadoo, burtukaana, paappayyafi kanneen biroo nyaatu. Takka
takka ammo waantota mursaa isaanumtuu harkatti qabataniifi dhufu turan.Iluun qabeenya bosona
umaamaa irra darbee waa hedduudhaan badhaatuudha. Keessumaa oomisha bunaan alatti omisha

53
dammaafi mi’eesutwwan adda addaan daran beekamtudha. Muduraafi kuduraaleenis akka
gaaritti kan badhaatedha.
Yeroon qorumsa kutaa saddetaffa dhiyyaata waan jiruuf Imaanaan dubbisuu isaa akkuma
jabeessetti jira. Keessuuma qabsoo abbaan isaa jalqabee karaatti dhabee itti darbee qabsichi
finiinee akka galmaan ga’u cinatti wanti Imaanatti hamilee horaa jiru tokko Waldaan Misooma
Oromiyaa (WMO) mana barumsaa bultii addaa magaalaa Adaamatti ijaaree baratoota bara sana
kutaa saddettaffa qoramanii qabxii olaana fidan filatee achitti barsiisuu waan barbaaduuf.
Dubbiin kun ammoo toora hawwaasumma radiyoofi tv’n beeksisamaa wan jiruuf Imaanaan
xiiqidhaan dubbisaa jira.Kana malees wasilli Imaanaa Annisaan gorsaafi jajjabina olaanan bira
dhaabata. “Ani asitti si fudhee akka baratuu kanin barabadeefi Imaanaa nyaata gaarii nyaatte
uffannaa gaarii sitti uffisee jireenya qananii ijoollen magaala jiraatu akka jiraatuf osoo hin taane
yeroo dubbisaa bal’aa argatte akka ati jabaatte cimtee bakka guddaa geesudhafi’ jedhee isa
jajjabeessa. Gorsi isaa kun Imaanaaf galaa guddaa ta’e jira. Kana ilaalee waa meeqa beelaf
dheebuu obsee fedhiifi hawwii isaa dangesse itti cichee qabeera kaayyoo isaa. Dhuguma
qananitti jiraachuuf taanaan mana abbaafi haadha ofii kan caaluu hin jiru garuu kaayyoo jecha
wareegama barbaachisu mara kaaffaluun dirqama. “Fagaatuyyuu mana ofii, hammaatuyyu fira
ofii” jedha oromoon. Imaanaan akkasitti amanee waan jiruuf waan uffatuun waan nyaatuun nama
kamuuwaliin of hin dorgomisuu. Keessuma waqtiin buna coruu yoo ga’u dargaggonni kotee
bunaa kota’atani abba mallaqaa ta’ani waan bitanifi dhiisan waan nyaatanif dhugaan walii isaa
wallaalan keessa Imaanaa sanan dhabee kanan dhaee jedhee mataa of hin dhukkubsu ture.
Sababiin isaa egeree isaa waan beeku fakkaata. Imaanaan namni bekumsaan malee uffaanna
isaan akka madaalamuu hin dandeenye sirritti bareeche beekera. Kanaaf xiqiidhaan
hojjeta.Akkas jedhees amana ture” waktii xiqii bishaan xiiqi dhugi, midhaan xiiqii nyaadhu,
dubbii xiiqii dubbadhu, jireenyaa xiiqii jiradhu” jedha. Dhaadannoon kun keenyaan mana isaani
irratti maxxansee waan jiruu tasa otuu dubbisu hiribi ija isaatti yoo dhufe kana argee akka nama
buna dhugee keessi isaa hareeffata ture.
Wal dorgommii dorgaa dorgee mana barumsaa Hurrumuu Dajanifi Mana barumsaa waangeenye
giddutti gaggeffamu qopheessumma mana barumsaa Waangeenyee qopha’e. Dorgaa dorgicha
irratti baratota mana barumsaa hurrumuu Dajan kutaa shani hanga saddet keessaa baratoonni
lama lama filatamii dorgomichaaf dhiyyaatan. Isaan keessa Imaanaan nama tokko ture.
Dorgomicha irratti hirmaachuuf fedha gudda waan hin qabaanneef Imaanaan dirqamaan ergame.
Kadhimamtoonni dorgoicha mana barumsaa waangenyetti argamani. Baratoonni mana
barumsichaa gutummaan isaani fullee biroo barsiisota bakkatti faaruun alaabaan naannoo
farfamutti walitti qabamani jiru. Barsiisoonni muraasi naamusa eegsisuuf harcummee qaqal’oo
qaqabatani hoomaa baratoota dachani lafa ququbanani dorgomicha dawwachuuf qophaa’anitti
marsanii dhaabatu. Barsiisoonni kaan ammo abba murtii dorgomichaati teesso abba murtummaaf
qopha’e irra tarree nam’ani jiru. Kanis isanuma cinaadhan taajjabbiif waan taa’an fakkatu.
Barisaan waltajicha gaggessu dorgomtoota hamilaadhan gara waltajjitti akka simatan baroota
ajajan.Dorgomtoonni bakka qabatani dabare dabareedhan kutaa shani hanga torbaffaati wal
duraa dubaan gaggeefamee xumurame. Kan itti aanuu kan kutaa sadetaffati. Dorgommiin kun
hawwiin akka eegamu kan isa taasise kutaa kaan irra caalee kan kutaa saddetaffa ta’uu isaa osoo
hin taane dorgaa dorgeewwan armaan dura gaggeefaman irratti manneen barumsaa lammanu
waliqixa galmeesisuu isaaniti.Dorgommii kanaan enyuu akka injifate adda baafama waan ta’efi.
Dorgomtooonni dhiyyaatan ka’ani carra lakkobsa gaaffi waraqaa citu cituu walitti
duqunqulamtee jirtu lama lama fudhatani bakkatti deebi’ani. Gaaffile dorgomtootaaf dubbisaa

54
kan turte barsiistuu Obsee ture.Bariistuu Obsee mooraa Imaanfaa jiraatti achuma magaala
Hurrumuudha deddeebite mana barumsaa waangeenyetti barsiisti.Gaaffii jalqaba kana gaafatame
mana barumsaa waangeenye irra kan bakka bu’e barataa Hagos G/ Mediin ture. Hagoos gaaffi
gaafatameef deebii sirrii deebi’ese. Hamileen ho’aan baroota biraa kennameefi bakka isaati
deebi’e ta’e. Lammafaan irratti wahilli Imaanaa mana barumsaa Hurrumuu Dajan irra
gafatamuuf olka’ee dhaabbate. Gaaffin dubbisfameefi osoo hin xumuriin afaanuma irratti deebi
sirri deebisee hamileen gariin isaaf kenname. Gafatamtu saddaaffan mana barumsaa
waangeenyee irraa barattuu Tsiggeenis deebii sirri deebiste bakkatti deebite.Amma dabareen
kan Imaanati lafa taa’ee jiru gaafatamuuf ol ka’e fedhiin gaariin fula isaa irraa dubbifamaa hin
jiru waan komii qabu fakkaata. Gaaffin dhiyyateefi deebi sirri out hin deebisin hafe. Kun
baratoonni mana barumsaa Waangeenye gammachuun waan ililchan fakkaatu bifa hamilee
fakkatuu iyyaan. Bartoota deebii sirri deebisaa turaniifu akkanatti hin wacamne ture.Tokkoffa
dhabuun isaa waan isaan gammachiise fakkaata. Lammafita gaaffi salphaa akkasi Gaafatamee
dhabuun Imaanaa kolfa tuffiis waan of keessa qabu fakkaata. Inni garuu dhabuu kan filateefi
dirqamaan waan dhiyyateef gaashaan barsisota isa ergani haaloo ba’achuu isati. Gaaffin
tartiibuma duraan dabaree dabareedhan gaafatame. Imaanaan deebii sirri debisuu dhiisun
akkuma itti fufetti jira. Xumura irratti dorgomchii olaantummaa mana barumsaa Waangeenyeen
golabame. Imaanaa dorgomichaa boodde waan inni hin eegnetu isa mudate. Baristuu Obseen
akkuma dorgommiin xumurameen ofitti isa waamtee
“si haabbe akkamiin gaffii tokkolle deebisuu dadhabda? Isumayyu sabbonaa Oromoo otuu jennu
ijoolleen qubatoota Tigiree si injifatti ”jetten harka ishee afaan irra kawwatte.
“Tigiree maali” kan jedhu ture deebiin Imaanaa.
“Baratoonni si waliin dorgommii irra turan ijoollee Tigirootaatim” jette
Qubatoonni naannoo tigiraayi irraa dhufaani hurrumuu naannoo wangeenyeffi gaabaa qubatani
mana barumsaa kanatti baratu turan.Irra caalaan isaani ijoollee tigirootati ijoollen oromoo
muraasa qofaatu jira.Imaanaan kana yoo dhaga’u gaabbiin akka Abiishee Garbaa quba nyaatee
kutee sana ta’e. Akka sila akka qoosaatti lakka’e baacaa ture sana osoo hin taane amma boqonna
isa dhorke. Keessuma dararama mootummaan wayyaane ummata oromoo irraan ga’aa tureefi
geesisaa jiru waan beekuuf isa waliin wal qabsiise dorgaa dorgee kana mo’amuunsaa boqonna
isa dhorke.Amma dubbiin mataa bishaani ta’eera. Dubaatti deebi’u hin danda’u. Dhadhaa ibidda
bute jedha Oromoon.Keessuma sababa isaan manni barumsaa isaalle injifatamuun isaa isa
waxalee gube. Akka ibidda aduu saafa keessa guddelcha qabate cincessuu isa bobeesse.
Bartoonni fi barsiisonni mana barumsaa isaa itti qoosuu eegalani.Keessuma barsiistuu Obseen
baratoota kootu si caale maqaa ijoolle horro barnoota akka bishaani dhugduu balleesite jette
ganamaaf galgala dhabiif taa’i isa dhowwachuu jalqabde.Halonni kun amma Imaanaatti booree
horani otuu marsaa lammaafa qopheeffame akka malee jaallata ture garuu isaaf jedhame
dorgomiin qopheefamu akka hin jirree bekkateera.
Qorumsa kutaa saddetaffa ergi fudhatee Imaanaan ji’oota muraasaaf horro maatii isaa bira
dhaqee boqonnaa gannaa dabarsee bu’aan qormaata dhufuu jala geenyeen Hurrumuutti
deebi’era. Firiin baratoota bara sana jechuunis 2005 Akka Lakkobsa Habashaatti fudhatanii waan
ija nama gochisu hin turre.Keessuma qorumsichi qulqullinaan akka sororamuuf jecha rakkoo
meeshaa sororsaa mudateen tuqaan baratoota qaxalee akka hin malle ta’e ture. Dogogora
mudateefis biroon barnoota dhiifama gaafachuu hin oolle. Imaanaan akka eegeefi eegame ta’uu

55
baatus akka mana barumsaa isaatti baratoota mana barumsaa isaa keessaa tuqaa olaana
galmeesisuu danda’eera. Garuu waan garaa isa cibsee hin fakkaatu.Dogogorichi akka walii
galaatti waan mudateef baayyee waan isa komachiisu hin turre.Kanaan abdiin mana barumsaa
waldaa misooma Oromiyaa senuus qilee gale. Imaanaan ergi baratoonni kutaa saddettaffa darban
kutaa sagalaaffaf galnaa’ani daree barnootaa isaani barani boodaa ture kan inni galmeef mana
barumsaa dhaqe.Kunis sababa mataa isaa waan qabu fakkaata. Baratota bara darbe mana
barumsaa Waangeenyetti Imaanaa waliin dorgaa dorgee irra turan kutaa isaan galan barbaaadee
kutaa jaraa galuuf ture. Akka yaade baratoonni mana barumsichaa tokko hanga shanii ba’an akka
carraa kutaa jalqabaa yookaan sagalaffaa A galanii jiru.Kunis kan ta’uu danda’e walitti aansani
waan galmaa’anif malle itti yaadamee hin turre. Imaanaa nama areeraa dhugee qabbaneeffate
garaan waan isa ciise fakkaata. Wal’aansoon cimaan akka isa eegachuu danda’u bekkateera.
Xiiqiin damma irra mi’oofti jedhan.Baratoonni manneen barnoota bakka adda addaa irraa
dhufani mana barumsaa qophaa’ina Hurrumuutti (Hurumu Mesnchen F’u Mesnchen) baratan
baayyedha. Imaanaan boreen guutameera.Qabsoon baratoota kunneeni giddutti taasifamu waan
dhohe fakkaata. Gama lammaninuu cichoominnifi ejjennoon isaan qaba waan dinqisfatamu
qabudha. Baratoonni kutaa biraa keessa jirani gama gama isaani qabasichatti makamuu hin
oolani. Barsiisota isaani waliin bu’ani ba’u. Waan haara baruuf tattaaffin isaan godhan barsiisota
isaani biratti jaallatamumma guddaa horeerafi.Wal morkiin akkuma itti fufeeti jira.
Cortuun baratuu kutaa afuraffati.Akka durii ishee tapha hin baayyiftu baratuu cimtuu taateetti.
Waanuma hundaa akka qayyabachiisuuf ol iyyaannoo gara Imaanatti taasistus xiqqesiteetti.Waan
ifa isheef hin taane duwwaa garasaa fiddi.Hojii manaa ishees seeraan yeroodhaan dalagdi. Ofii
ishees dubbiftee qalbeeffachuu dandeessetti. Takka takka waan feete na gaafadhu jette ofitti
amanamummaan qoma dhiibde Imaanaa bira dhaqxi. Akka tasaa yoo dhabde artee imimmaan
busuu geessi.Harmeen ishee mucaa isaai ilaalani kutannoodhaan hojjennan wanti hin
danda’amne hin jiru mucaan kaleessa tapha malee qoosaa dubbisaa hin qabne akkanatti
dhimmitee dubbisuu ishee yoo argani Imaanaa garaa isaani keessatti eebbisu.Cortuun baratooti
kutaa ishe mara akka caalu dandeessu amansiisteetti, Amma dorgommiin ishee baratuu tokko
qofaadha. Ishees dursuuf yaalin isheen hin goone hin jiru.Tasa Cortuun taphaan dagatee otuu hin
dubbisiin yokaan hojii mana ishe hin hojjetin galgalli itti ga’eera taanan gaabbiin mataa ofirraa
cirti. Yoona isheen dubbisaa oolte ani garuu har’a takka hin dubbisne jechuudhan galgala amma
hirribi ishee mo’atutti teesse dubbisti.
Imaanaafi baratoonni kutaa isaa Hagos, Kiroos, Tsiggee, Addis akkasuma baratoota oromoo
cicimoo kaan dabalate wal morkii guddaatu gaggeefamaa jira. Keessuma Imaanaafi ijoolleen
qubatoota Tigiree gidduu wal gaarrefanna guddaatu jira. Qormaata qoramani calamaniruu taanan
ija diimeffatani wal ilaaluu. Hallii kun bayyeen bifa hinaaffadhaan haa ilaalaniyyu malee
baratoonni wal morkii keessa galani akka isaan qayyabatanii bu’uura guddaadha.Qormaanni
walakaa waggaa seemisteera jalqabaa fudhatamee boqonnaan torban tokkof keenname.Imaanaati
torbeen tokko guyyaan torbaan akka waggaa torbaatti ta’an.Torban sun akkuma dhumeen guyyaa
jedhame mana barumsaadhan ba’e. Baratoonni garuu achiin hin baane baratoota magaala
hurrumuu keessa jiraatan darbee darbee male.Boqonnaan torbaan tokko yoo kenname torban
tokko itti eebbifachuun baratoota biratti waanuma baratamaa dhufe fakkata.Imaanaan amma
qabxii isaa dhaga’e wal’ansoo isa garamitti akka gore adda baafachuuf waan sadame fakkaata.
Wanti godhamu waan hin jirreef ammas torbee lammaffa eguf dirqame. Guyyaan dhufa hin
ooltu baratoonni mana barumsaatti argamani.Barsisaan abban daree isaani uffata barsiisummaa
isaani adii dheeraa jilba gadi darbu sana uffatani baruulee qabxiin baratootaa irratti galmeeffame

56
qabatani dhufan. Baratoonni hundu yaaddodhan waan guutaman fakkaatu enyu akka tokkoffaa,
lammaffa ba’e kan beeku hin jiru. Hunduu akka xinxalaa siyyaasa waan isatti fafakkaate ragaa.
Barsiisaan dhufani kutaa seenani. Barattoonni kabaja isaani ka’ani ijaajani.
“Akkam bultan baratoota”Sagalee barsiisaa ture.
“Nagaa galata rabbii barsiisaa” akka waan faaruu faarsaa jirani sagalee isaani wal qixxeessni
baratoonni.
“Taa’a baratoota”
“Galatoomaa barsiisaa” jedhani baratoonni bakka isaanitti debi’ani taa’an. Otuu akka Imaanati
akkuma kutaa seenani tokkoffa kan ba’e abaluudha jedhani ni jaalata ture amma dhaga’utti isa
jarjarsaa jira sila.
Akkam turre boqonnaan jedhani barsiisaan fulle baratoota gabatee gurraacha cinaadhan minjaala
jiru tokko irra taa’ani baruulee qabxiin baratootaa irratti galmeeffame jiru gaggalagalcha.
Deebiin baratoota biraa deebi’eefi hin turre. Ammas barsiisaan boquu isaani ol qabatani ija
baratoota keessa ilaalaa “
sadarkaa keessan sinitti himamoo kallattudhumaan gara barnoota keenyatti dabarru” jedhani.
Baratoonni sila akka waan bassoo afanitti baatani cal jedhani wal takkaa “nutti himaa” jedhan.
Maal isaan sinitti hima mee hin beektani sinumtu jedhani. Baratoonni kaan gara Hagoos kaan
gara kiroos mimil’atani.Waa malee miti shakkin baratoota kutaa keessatti sochii gaari akka
qaban waan beekanif ture mil’uun isaani.
‘Hagoos, Imaanaan, Kiroos isaan kami’ jedhan.
Baratoonni hunduu gara gara jara kanaa mimil’aaan.Yaaduma gaaffatan male isaanu wallaalani
hin turre.Barsisaan barrulee isaani banatani sadarkaa baratootaa himuu jalqabani. Sadarkaa
kudhanaffaa irraa kaasani asi gad himaa waan dhufani sadarkaa saddaffa kan ba’e “Barataa
Kiroos” jedhani otuu isaan dubatani hin fixiin Kiroos jecha “Hic”jedhu dhageessise. Hallisaa
isaa kun barsiisaa waan mufachiise fakkata “maayinni rakkoon jira” jedhan. Kiroos tokko tokkon
ilaalachuun barbaada jedhe ka’e qajeele. “Deebi’i dogogorri yoo jiraate booda ilaalta” jedhani
deebisani.Kiroos durumaa saddaffa irratti waan waamameef Imaanaan lamaffatu na eeggata
jedhee ta’aa jira. Hagoos fulli isaa akka aduu birra ifeera. Gammachuu guddaatu isa irraa
dubbifamaa jira. Ilkaan isaa toora galanii dhaabatan hidhii isaa gargar bitinsaani ol hin gallu
bakkeema dhaabban waan jedhan fakkatu. Hagoos akka waan tokkoffaa ba’etti gammadaa
jiraachu isaa fula isaa irra ni dubbifama ture..Lapheen Imaanaa akka dibbee mana qaallu “dihu!”
“dihu!” jedhu qoma isaa rukutaa jira. Abbaan itti jedhe gurra qeensee dhaggeefate waan
weeddusuf ka’e fakkaata.Barataa Hagoos lammaffa kan jedhu sagaleen dhaga’ame. Hagoos
waan dhaga’e amanuun itti ulfate mataa isaa qabate.Fulli isaa takkumaan akka gaararra jijjirame.
In gurraacha’e himimmaantu ijatti isa dhufe. Akkamiin kan jedhutu sammuu isaa keessa
dedeebi’e wal’ansoo isa qabu jalqabe. Sadaffaa kan a’e Imaanaa ta’uun ifaa ifatti mirkaana’e
yoona kana ture gammachuun Imaanaa daanga darbee utaali utali burraqi burraqi kan isa
jechisisuu jalqabe.Hafuura dheeraa baafate “uffee” jedhe garaa isaatu qabbana’e akka nama
aannan dhuge.Nyaarri sila rifatee walitti guduunfamee wal xuquu ga’e gargar hiikame, ilkaan
man’ee isaani keessa gad bahuu salfatani turani amma qabaa na gadhisaa kolfuu malee waan

57
jedhan fakkatu. Keessi Imaanaa gammachuun gutameera. Keessuma qoosaa barsiistu Obseen
yeroo mara itti qoostu amma dabareen kan isaa ta’u yoo yaadatu kolfi kolfi isa godha. Guyyaa
sana barnoonni akka gaaritti jalqabuu hin dandeenye baratoonni yeroodha gara manaatti
gadhiifamani. Imaanaan amma mana ga’e obbo isaatti himutti ariifate. Isaa mana ga’e hulaa
moora isaani lixuu Cortuun tesses dhufaaati isaa akka eegaa jirtu inii quba hin qabu ture. Cortuun
itti fiigde ol utaalte mormatti isa maramte isa dhungatte.Imaanaan maaltu akka ta’e baruu hin
dandeenye. Harkan morma isaa amma hutee qabdutti geessetti .Gudeeda ishee lamaan mudhii
isaatti martee jirti. Boquu ishee morma isaa jala galchitetti.
“Mayinni Cortuukoo natti himi” jedhe akka gammachuu ta’e shakkuu hin oolu.
“Sitti hin himu! sitti hin himu!” jette ala lama wal duraa dubaan. Boquu ishee morma isaa jalaa
baafte ija keessa isaa ilaalte. Imaanaan hawwidhaan qaari’e sababii gammachuu ishee ille
tilmaamuu hin dandeenye ture.Maddi ishee burtukaana fakkatu sana qubota isa halangaa robii
fakkataniin hoksee
“maliidha Cortuukoo natti himi” jedheen.
Cortuun kana caalaa obsuu hin dandeenye harka isheen lamaanin isa gadhiiste gara waaqaxi
olqabdee
“Tokkoffaan ba’e’ jetten.Yoona kana anis jedhe morma ishee jala dhungateen dhunganna ishee
silaafis achumaan waan deebii laachuuf yaade fakkaata. Yoona kana ture Cortuun akka gogorrii
arfaasa qarreetti baate kuweek! Kuweek! Kuweek! Kuwee kakkaka! Jettu kan isheen godhatte.
Durattu Cortuu morma yokaan bobaa ishee jala xuqnaan kolfa hin hafattu turte.Cortuun sila anis
isa jedhe Imaanaan wan qalbeefate miti
“Atihoo meeqaaffa baate” jetten gaaffi dhiyyesiteefi.
“Anis”kan jedhu ture deebin isaa.
“Yes” Jette harka ishee qilleensa gubbaati itti fidde inni kan olfudhee qillensa irratti akka
korbeessa hoola giphii walitti bu’uu walitti buusani. Barsiiruu Obseen diraamaa isaani kana
mana jala dhaabatani ilaalaa turani. Isaan garuu waan namni isaan argaa turan hin seene.
“Mayyinni akkanatti sin gammachiise meeqaffa meeqaffaa baatani’ jette barsiitu
Obseen.Cortuun amma himtuttu waan jarjarte fakkaatti.
“Tokkoffaa! Tokkoffaa” jetten.
“Dhugaa” garummeen dhageessettiire?
“Lakki hin dhageenye”Cortuutu akkana jedha.
“Afachu bilbileen itti himaan” Jette barsistu Obsee bilbila ishee xuxuquu isheedha jedhu.Addee
Gaarummeen harmeen Cortuu hulaa morichaa banatani ol seena jiraachuun isaani namni arge hin
turre. “Cortuu” jedhani otuu namni isaan hin argiin silaa sadanuu bilbila Barisistuu Obseetti
jedhani ilaala jiru turan.
Cortuun achuma dhaabbatee u’utaala “tokkoffan ba’em! tokkoffan ba’em!jetteen.Harmeen ishee
itti fignaan, isheeni figdee wal hammatani gammachuu isaani ibsatani. Milkaan’insa mucaa

58
isaanif addee Gaarumeen Imaanaa akka sababatti kaa’u tura. Kanaaf ishee irra adda baasani hin
ilaalani. Keessuma immo tokkitti isaani waan taateef mucaan koo obboleessa hangaafaa argatte
jedhani waaqaf galata galchu turani.Qoosaan barsiistuu Obsee akka durii ta’uun hin hafe.
Durattuu barsistuun kan akkasitti qoostufi isa onnachiisufi jetteti male dhuguma injifatamuu isaa
jaallatte miti.Qoosaan ishee kun immo isumaafu hamilee guddaa ta’era.
Obboon Imaanaa Aannisaan hojiidha gale tuqaa gaarii galmeessisu isaatti gammade.Dadhabbii
koos gati hin dhabsiisne ishoo korma jedhe isa jajate.Kitaabolee dabalataa akka bituufifi
akkasuma barnoota galgala galgala mallaqaan akka barsisuun waadaa galeefi. Akkuma jedhes
waadaa isaa kabajee rawwateefi.
Dabareen barnota Imaanaafi Cortuu akka durii garaagara osoo hin wal dukaa ta’eera. Manni
barumsaa isaanis garuu addaa adda. Cortun Jimaate mana barumsaa Hurrumuu Dajanii
baratti.Yaayyoodha yoo dhufan seensa magalitti irratti argama manni barumsichaa.Kan Imaanaa
magalaa hurrumuudha gara Mattu yoo dhaqan dhuma magalittiti kan argamu mana barumsaa
qophaa’inaa hurrumutti barata. Amma carraan wal argani walii wajjinin oluu waan bal’ateefi
fakkaata.Keessuma moricha keessa kan jiraatan hojjetoota mootummaa waan ta’anif mooraa
keessa namni ooluu badaa miti.Cortuufi Imaanaan mana barumsaadhaa gallaan amma galgalli
ga’ee Imaanaan barnoota galgalaa deemutti waliin dabarsu. Baratoonnifi hiriyyoonni Cortuu
fiilmii ilaaluu waan jaallataniif Cortuunis dhibbaa isaanin filmii ilaaluu jalqabaa jirti.Harmeen
ishee garuu akka isheen kana gootu hin fedhani. Qarshii itti filmii kireesitee ilaaltus hin
kennaniifi.Cortuun hiriyooti ishee yemmuu kireessan isaan harkaa fuutee ilaalu jalqabde. Kanas
kan gootu harmeen ishee biroo hojiidhaaf yo deeman qofaadha.Akka tasa otuu isheen fiilmii
ilaaltu ibsaa badee yokaan DVD keessatti irranfatte harmeen ishee dhufani arginaan dhumateefi
ol fudhani gad fuudhani ishee reebu.Gaafa tokko Cortuun akkuma amala ishee otuu ilaala jirtu
harmeen ishee irra bahani amma ishee duututti ishee gonofani.Cortuun washakata fixatte
lammata itti hin deeb’u jettee kakatte.Garuu torbaan oolee hin bulle kan isheen fiilmii biraa
tokko bayyee bareedadha jette fidatte dhufte. Sana manatti ofii ishee ilaaluu sodaattee mana
Imaanaafatti ilaaluu dhaqxe.Balbala banattee olseente harka isheeti kassetta filmichaa qabdee
jirti.Imaanaan ol jedhee ishee ilaale
“maal baata” jedhe.
“Fiilmiidha Imaanaa akkatti namatti tolu otuu argite?”jetten.
“Ilaalteetta moo ati moo akkamitti argite?” gaaffii Imaanaati.
“Lakki ijoolleetu natti hime isaan irraan fudhee dhufe asitti ilaalluu?” jetten.
Waan barreessaa jiru dhiise bifa dheekkamsuu fakkaatuun “Cortuu fiilmii hin ilaaliin
jedhamteeta miti ati? maalif ilaalta?” jedheen.
“Maal qaba yoon ilaale? barnoota koos sirrittan qayyabadha, dhiibba barumsa koo irratti hin
qabaatin male maal rakkoo qaba” kan jedhu deebisteefi.
“Yaadatta miti yeroo darbee waa’e kana irratti akkamitti akka reebamte?” jedhe.
“Boo nan dhukkubneem fayyuman bo’e maale” jette.
“Uyii sobdu wayi akkasitti washakachaa turteemoo?” jedhe.

59
Cortuun kolfaa “akka isheen garaa naa laafte na dhiistuuf jedheenikaa” jette.
Tooftaan ishee kun Imaanaa kofalchiise. Waa malee miti dubatti deeb’ie waan yaadate qaba. Dur
Imaanaan kubbaa taphaaf jedhe yeroo loon harkaa badan abbaa isaa yeroo reebuu isa ofii isaa
washakkata fixaxee gara isa laafifachuu godhu sanatu ija isaa dura dhufee isaas kofalchiise.
Cortuu yaada dhuftetti deebitee “Ilaaluure Imaanaa?” jette.
Imaanaan “ilaali garuu Gaarrummeen kee siif dhufnaan dhimma kee ani keessaa hin qabu”
jedhe. Cortuun dhugaa hin seene Imaanaatti maramtee hammatte. Cortuun nama jaalalaatti.
Gammachuu ishee akka itti dhufetti ibsachuu jaallatti. Reefuu durba geessuus waan hin taane
badaa maal naan jedhuutti hin rakkatu. Daddaftee nafa nafa babbantee barcuma miilla sadii
“qoph!” gootee fuldura kaawwatte ilaalutti teesse. Imaanaan qalbii isaa gara waan barreesutti
waan deebifate fakkaata, filmii ilaalus baayyee hin jaallatu keessuma fiilmiiwwaan jaalalaaf
baayyeed iddoo hin kennufi.sababni inni tarreesummo dawwattoonni fiilmichaa akkuma isaani
akka godhani akka irraa baratan kakaasa jedhee waan amanuuf ture.Kara biraa ammoo fiilmii
jaalalaa ilaaluun gara jaalalaan qabamuutti nama harkisa jedhee waan shakkuf ture.
Godoo caccabduu tokko keessa taa’e dargaggeessi sookalli qaamaan Imaanaa irra hin jirre
daabboo shayiidhaan unata jira ciree ta’uu hin oolu.Akkuma isa nyaaten barrulee isaa siree
gubbaatti bibittinaa’e jiru wal walitti sasassabbate adda harmee isaa dhungate
“Harmee! nagaatti ooli ” jedhe.
Umphaa! Godhanii dhungatanii maddii isaa “Gaaritti olii Oleekoo jedhani gaggeessani.Oleeraan
gara mana barumsaa isatti kutte. Barataa qaxaleedha barnoota irraati.
Faallaa isaa bifa fakkaatun shammarren mana jireenya galma mootiin fakkaatu keessa minjaala
gubbaa cireen garaagaraa qoqqophaa’e tarree nam’e jiru keessa waan feete fiffilatte fal’aana
abbaa gaafaan wawwarante sutaa afaan kawwatti akka mishiroo barana dhuufte.Gola keessaa
hojjettun mana sana qodaa biratti waan isheen fudhattee deemtu galaa galeessafi jirti.Ciree isheef
qopha’e nyaatte otuu hin fixiin kaatee qajeelte galaa qophaa’efi barrulee ishee korojootti qabatte
saggoo isheetti hangatattee.
“Hilee! xiqqo hin nyaatu si ga’e? jedhan abbaan ishee.
“Nan qufee Dad” jette debisteefi Hilenaan karaa golaa baate deemte gara mana barumsaa.Matii
isheetu Hilee jedhee waama malee mana barnootaati Hilenaadhaan waamamti. Oleraafi Hilenaan
baratoota daree tokkotti.Yeroo hundaa Oleeraan baratoota hunda dursee daree gala.Cinaa isaa
baratoonni hin taa’ani.Qophaa isaa ta’umsa nama sadii teesisuu danda’u irra taa’a.Duddubaa
baratootaa keenyatti maxxanseera teessuma isaa. Uffanni mana barumsaa barataa soressaafi
hiyyeessaa wal qixxeesus isuman seeran qulqulleessani qabachuunu waa tokko.Oleeraan
harmeen isaa harka qalleetti waan taateef samuuna itti huccuu isaa qulqulleefatu akka garatti
argachuunu itti ulfaata. Yoo argamee argame ji’atti al tokko caalaa huccuu isaa qulqulleeffata.
Isayyuu harmeen isaa mana namaatti huccu miichitu saamunaa caccabduu walitti qabdee
dhuftuun michata. Abbaan isaa barsiisaa turan. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) deeggartu
jedhamani dararamni guddaan irraan ga’aa ture. Dhummarra qabamani mana hidhaa keessatti
dhukkubsatani lubbuun isaani darbite. Bara sana Oleraan daa’ima xiqqaa ture.Abbaa isaayyu
seeran hin beeku. Harmeen isaa galii abbaa warraa isaanin jiraatu turan ergi isaan du’ani garuu
gadadoon mana irratti ijaarrate. Kanaaf hojechuu danda’an hunda hojjetani mucaa isaani

60
guddisuuf dhama’u. Oleeraan dura baratootaa daree seena booda baratoota dareedhaa
baha.Sababni isaa surreen isaa hudduurran citaa waan ta’eef isa dhoksuu barbaadeti.Baratoonni
daree isaa Oleeratti qoosani mada hiyyummaasa isaa kulkulfatu sana xuxuqani aarsu. Hilenaan
gochaa baratoota kana cimsitee balaalefatti afaani baafte hin dubbatu male. Baratoonni hundu
laqana irratti waan nyaatan galeeffatani dhufu.Oleeran garuu galaa galeeffachuu haa turuu achii
galees kan isaa eeggatu dabboof shayii ganama soratee dhufedha.Guyyaani buddeena argatee
nyaatu guyyaa qabdi. Innis waan harmee isaaf keenname yoo hatii isaa peestaalitti maramartee
fiddeefi dhuftedha.Haati Oleeraa otuu garaan ishee duwwaa jiru ilmoo isheef jette waan
kennamuufi afaniin ciniinuu hin feetu amma inni dhufutti. Baratoonni yeroon laaqana geenyaan
laqaanaf kutaa keessa gad yaa’ani harka isaani dhidhiqatani kutaa nyaanni itti nyaatamu seenan.
Oleeraan teellaa isaani ba’e harkaa isaa dhiqatee akka nama waa nyaatu fakkeessuf garaa
duwwatt bishaan dhugee gara kutaatti otuu baratoonni hin deebi’iin deeb’e. Hilenaan ijaan yeroo
hundaa kutaa laqanni itti nyaatamu keessa barbaadde isa dhabdi.Har’as akk amalashe barbaadde
dhabnaan isa nyaachuuf kaateetu dhiiste kaate gad baate.Ijaan mooraa keessa barbaadde isa
dhabde gara daree barnoota isaanitti deebite.Oleeraan kutaa keessa taa’e jira.
“Oleera” jette sagalee ishee gadi qabde.Ol jedhee ishee ilaale callise deebii homaa hin debifneefi
gad jedhee barrulee isaa banatee dubbisaa ture.
“Maal hojjetta qophaakee? laqana nyaatte” jette gaffi lama wal duraa dubaan gaaffatte. Gaaffi
jalqabaa dhiise kan lammaffa
“Nyaadheera” jedhe deebiseefi.Animmo hin nyaanne ijoollen wacani gamsiisnaan iyya jaraa
jibbeen dhufe.
“Koottu wajjin nyaanna?’ jetten.
“Galatomii nyaadheen ka’e” jedhen sobetu hooma waan nyaate miti.
Hilenaan al tokko irraa afaan kawwatte.
“Oleera! akka minyaa’u ilaalime” jette afaan isa kaa’uuf gara isaatti dhaqxe. Oleeraa akkuma
afaan isa keessen waan guddiste fakkata alanfatee liqimsuuf yoo jedhu lapheerra isa taa’u hin
oolu ija babaase.Hileen bishaan qaruratti qabatte dhufte bantee itti qabde.Isa habbuuqqate ittin
qomarraa gad dabarfate. Ofiis alanfachaa Hileen isaaf lammeesite. Sadaffaa isaaf finaan
“wawuu” an amman jedhee garaa isaaf isheef ooguu isaati.Tole jette qoda hafte keessa dugugde
afaan kawwatte. Hilenaan waan boca qaama ishee eeggachuuf nyaata xiqqeesitu fakkatti.
Durumaa qodittiin xiqqoodha lamman isaani qubsuu haa turu isheemafu.
“Baayyee mi’a sittu hojjetera?” jedhen.Nyaara ija isa sochoofte ishee ta’u mirkannesite.
“Yeroo hundaa asitti nyaatayi Oleeraa ?”Hilenaatu gaafata.
“Eyyen” jedhee deebiseefi.
“Maalif ?”
“Kunoo atu waca ijoolle jibbitee dhufte mitiire" jedhe gaaffi ishee gaaffidhaan deebisefi.
“Eyyee isa illee dhugaa jette” jettee calliste.yaadaan qoosaa baratoonni kutaa ishee isatti qoosan
sana yaadate.

61
“Tole, kana booda anis asittan si waliin nyaadha” jetteen.
Boorumtaasaa akkuma kaleessa isa waliin nyaachuuf harka ishee lafa harka dhiqannaatti
qulqulleeffatte gara dareetti deebite Oleeraa waliin nyaachuuf.Inni garuu akkuma harka
dhiqateen dareetti deebi’uu didee achumaan hafe.Hileenaan isa eegde dadhabdee isa barabaacha
gad baate.Garuu bakkeetti isa argachuu hin dandeenye. Otuu akkasiin isa egduufi barbaaddu
yeroo laaqanaaf keenname dhumnaan baratootti gara daree barnootaatti deebi’ani. Oleeraan sila
lafti lixaa isaa dhabame amma dhufee kutaa seene. Beeluun Hileenaani kutataa jira.Isa yoo ta’e
durattu itti beeka. Bara tokko mana jiraa tokkotti ibiddi qabate jedhani.Meeshaan mana keessa
hundi uu! Uuu! Uuu! Jedhe iyyee maraachuu jalqabe.Iyya isaanif birmannaan tasifamees hin
turre.Eleen takka afaan isaa banate hin iyyine cal jedhe ibidda keessa ta’a. warreen kaan baayyen
isaani an gubaadha maaloo na qaqqaba! Naa birmadha jedhani iyyaani iyyisisuu.Dhummarra
qodaan tokko waan eeletti aare fakkata ati maal cal jettee teesse iyya nun gargaaratu
jedhan.Eeleen “ durattu itti beekna” jette deebisteefi jedhani. Beeluun Hileef waan haraa ta’uus
Oleef garuu haraa hin ta’u duratti beeka. Wayitiin barnoota xumuramee yeroon gara manaatti
galamu geenyaan baratoonni ba’ani qajeelan. Hilee har’a akkuma isaa boodatti hafte
“Oleeraa essatti baddee laaqana irratti?” jette sagalee laafa dadhabeen tokkon.
Waan dubbatu dhabee xiqqoo callise.
“Laaqana nyaatte” jetten deebii isa irraa eegde dadhabdee.
“Eyyeen” jedhe.
“Animmo hin nyaanne si eegaan ture waaliin nyaanna hin jenne kaleessa”jetten.
“Maalif hin nyaanneree qophaama kee” jedhen.
“Si eegaan turekaa waliin nyaanna jedhe”.”Dhugaa gar-maleen beela’e koottu mee hin nyaanna”
jette korojoo ishe keessa laqana qabatte dhufte gad fuute.
Waliin taa’ani nyaatani ka’anii qajeelan galuuf. Waardiyaan mana barnumsaa jaraa
“Eessa turtani dhuftu reefu baratoonni qaata galanii?” jedhe gaaffi isaanif dhiyyeesse.Oleeraan
“Hojii manee tokko hojechuuf turre” jedhe
“Ahaa akkasi bareedadha gootani jabaadha” jedhee isaan gaggeesse.
Hilenaan ergi irraa fagaatani “maalif sobdee akkana jetteen Oleeraa” jetteen
“Ollaa keessanim wardiyyichi amma immo waa bira jedhe maatitti yoo hime jedheen sodaadhen
akkas jedhe” jedheen.
“Waan barbaade yoo jedhe maal rakkoo qabaree”? “Jecha namaa sodaatta moo ati?” jetteen.
Manni Hileefaa mana barumsaa irraa fagoo miti maqa gara mana isanitti maqsu bira geessee
“nagaatti bor garuu akka har’aa akka hin bannee na jalaa” jetten. Oleeraan nama gowwomsuus
sobuus hin barbaadu hin danda’amuu Hilee waliin nyaachuun jedheen
Maalif?

62
An laaqana fidadhee dhufee hin beeku har’aafi kaleessa qofaadha amma ammaati kanin laaqana
nyaadheru isayyu si waliin jechuudha kan kee.Kaleessas sobeen nyaadhera sin jedhe malee hin
nyaanneen ture har’as hin nyaanne boruus fidadhee hin dhufu Hileenaa kanaafu waaliin
nyaachuu hin dandeenyuati deemii ijoolota waaliin nyaadhu jechen. Himimmaan hiyyummaa isa
ijatti isa guute isa huunaan achi irraa galagale ofirraa haxaawwate.Hilenaan hiyyumaan amma
kana man’ee isa irratti ijaarachuu haga ammatti quba waan hin qabneef yoo dhageessu baayye
gadditee rakkoo hin qabu kanuma koo waliin nyaanna hin gaddiin homaa miti gaaf tokko
hundumtuu in darba jettee jajjabeessu yaalte.Ayi hin barbaachisu Hileeko darbee moo ani
akkuma ati na ilaaltu kana fiixee hiyyummaarran jira sababa kanaaf baratoonni illee ilaalcha
isaan naaf qaban ni beekta anif ati waliin nyaachuun keenya immo sis akka si tuffatan gochuu ni
mala kanaaf jedheetani jedhee. Namaa hin jiraatamu yoomiyyu maaltu isaan galche jireenya koo
keessa kanaf waliin nyaanna jette tole jechisifatte Hilenaan. Akkasin nagaa walitti dhaamani wali
irraa adda ba’ani.
Haalli dhabinsa Oleeraa bayyee garaa ishe nyaate akkuma galteen balbala kutaa ishee cufatte
hiq! hiq! Jettee boosse.Hojjettun mana jaraa dhageesse birmatteefi tokko lamaan haala Oleeraa
itti himteen isheenis baayyee gadditeefi kana boodde qodaa nyaata lamman isaani ga’uu
danda’utti laaqana akka naqxuufi hojjetu ajaja kenniteefi. Isheenis dhimmicha waan barteef
gammachuun fudhate.
Oleeraan mana ga’e dugdaan siree isaa irra cisee “Safuudha Hileen mucaa garraamii akkamiiti
dhugaa? Nama akka koo waaroon rakkinaa gamoo irratti ijaarrate maalumatu galagalee ilaala.
Namni tokko tokko qajeelinaafi kabaja ini namummaa namaaf qabu ugum ajab nama jechisisa
jedhe gara laafina Hileenaa dinqisiifata.
Walitti dhufeenyi isaani daran jabaata deeme.Laaqana waliin nyaachuun isaani baratoota kaan
biratti baratamaa dhufe. Akka hiriyyooma Oleeraa dhaabduuf baratoota baayyeetin gorfamtuus
Hilenaan isaan dhaga’uu hin dandeenye. Innumayyu itti ishee caalchise male. Hileenaan
sababoota tokko tokko uumte Oleeraaf keenna keennu itti jalqbade. Oleeraan garuu akka ishee
kenna biteef kennuufi in dadhabe. Kenna isheen kenniteefi keessa mallattoo odaa muka irraa
hojjetame halluu abbaa gadaan fayya’ame calleedhan midhagfamee sana addatti jaallata.Al
tokkofis morma isaa irra hin buusu. Oleeraa dandeetti fakii kaasuu qaba. Kanaaf otuu Hileenaan
quba hin qabaatin barulee ishee keessa sura ishee argate fudhatee ture. Waraqaa irratti
qubeessadhan suricha fakkeesse inni kennaa godhee Hilenaaf kenne.Gammachuun Hilenaan
kennichaf godhatte waan ajaa’ibaa ture.Tasuma Oleeraan akkas godha jette waan isheen egdee
hin bekne ture.Inni garuu akkasin qalbii ishee boji’uu danda’e. Hariiroon isaanis humna godhatee
jabaata deeme.Walin hin argiin oolani buluun itti ulfaachu jalqabe.Al tokko tokko sanbata duraa
barnoota qabna jedhani ofuma isaani mana barnootaatti wal beellamani wal argu guyyoota lama
boqonna ille wal obsuu dadhabani. Guyyaan isaa sanbata duraa ture akka amala isaani wal
beellamani mana barumsaatti wal argani. Gaaddisa mukaa mana barumsaa isaani jala taa’ani
taphataa jiru. Hilenaan
“Oleekoo” jette ijakeessa isa I’ilaalaa
Gara ishee mil’atee “ooko maal jette Hilee” jedheen.
Hafuuraa cicitaa akka nama irraan olee figuu “ jaa jaalalli si qabee beeka?” jettenGaaffin ishee
kun Oleeraa akka nama koraan falatee gargar baasu onne isaa rukutee.

63
Jaalalli hiyyeessa akka koo waan qabu sitti fakkaataa jedhe lafa ilaalee
“Badi asi akkana hin jedhamuu” jette.
Siin si qabee beeka jedhan isheef gaafii biraa dhiyyeessefi.
“Eenyu irraa?” kan jedhu ture deebiin Hilee.Akka yaadda isheetti “ana irra” akka jedhuf karraa
saaquufif ture. Inni garuu karra saaqameefi dhiise
“Maaf na gafatee garu?” jedheen.
“Ayi tarii yoo si qabee beeka ta’e jedheni male” jette tooftaan isheen qindeeffate waan galma
ga’uufi itti fakkachuu dinnan akka abdii kutannaa tokko harka ishee lamaanin maddii ishee
qabatte.
“Yoo na qabees …..” jedhe otuu hin xumuriin of keessatti hambise.
“Yoo si qabes maaliree?” jette waan inni of keessatti hambise san harkaa baasuuf jette.
Inni garuu haasaa jijjiiruu barbaade ka’ii in galla harmeen dafii koottu uffata michuu na
gargaarta naan jetteetti jedhe ka’e dhaabbate ishees kaasuuf harka isaa lafa isheen teesse jirtutti
hiixate. Hileenaan harka akkuma qabatee akka olka’uu tokko taate dugdaan kufte.Oleeraanis
irrattti lafa dhahe.Hilenaan isa dhungachuuf hidhishee hidhiisaa biraan gessiste. Oleeraan maltu
ta’uu akka jiru tilmaamuu irra darbee sodaadhaan mo’e taraf jedhe ol irraa jedhe ergi takka wal
dhungataniin boodaa. Ija Hilee keessa ilaaluu saalfate in qana’e. Isheenis dhiibba isheen ta’uu
isaatti ofitti qaanofte. Lammanuu otuu walitti hin dubbatin amma maqa mana Hileenaanfaatti
deemani achi ga’ani nagaa walitti dhaamani wal gaggeessani.Oleeraan gochaa isaani kaleessa
kanaf ija Hileetti ba’uu sodaate mana barumsaa irraa guyyaa lama olee.Hileenaan mana
barumsaa irraa oluun isaa boqonnaa ishee dhorke. Gaafa guyyaa lammaffa laguu yookaan turii
ji’aatu natti dhuufe jette hayyama fudhatte yeroodhaan baate barabaacha Oleeraaf mana isaani
dhaqxe.Oleeraan akka waan isa dhukkubuu fakkessu harmee isaati na dhukkuba jedheera. Silaa
dhukkubni isaa sodaa Hileenaan ture. Hilenaan balbala godoo caccabduu margaan dhoqqe isaalle
irra haharca’u tokko bira geessee
Warra manaa! Warra manaa! Jette.
Harmeen Oleeraa mana jiru gad itti ba’ani.
Qarreen guntuti qara eeboo fakkaatu qajjisi mataa ishee fo’amee maddirra gad jigee jiru babala
isaani dura dhaabatte.
“Harmee Oleeraan mana jiraa?” jette barru harka ishee lamaan walitti rigaa morma ishee
sosochoosaa yeroo dubbattu.
Eyyeen jira noori seeni jedhaniin.Boodaa isaani godoo isaanitti olseente.
“Sii haabbee Olee namni si barbaadaa” jedhanin harmeen Oleeraa.
Enyuu akka taatee bareera garuu akka nama rafuu cal jedhe ciise.Oleera jette gara isaatti tiratte
Hileen. Siree yoo irra ciisan miti yoo irra taa’aniyyu nama quqquu wayii irratti isa argitee. Garaa
jabaachuu hin dandeenye uffata fula isaa irraa saaqe akka nama hirriba keessa turee dunquqqaa’u
fakkessu barabade

64
“Hii enyuudha ” jedheen.
“Ana Hileedha Olee” jette ammas itti dhiyyaatte ijaan barrulee isaa minjala siree irra bittinfoofte
jirtu ilaala.
Hilee! Eessa dhuftaa? jechaa ol ka’e. harka isaa lamaan walkeessa galchee quba milla isaan lafa
ejjete hiixatee booda harka ishee fudhe.Achuma cinaa isaa siree gubba akka teessu harkaan ishee
affeeran harmeen isaa.
Hileenaan mayinni maal taatee mana barumsaa oolaa jirtaa? Jetten.
Xiqqoo na dhukkubaa ture sanaaf jedheetan jedhe.Harmeen isaa hin soba dhukkubayyu hin qabu
mana yaalaan si geessa jennan didee cal jedhe akka handaaqqo finqilleen qabee taa’e gomma
jedhani. Hilenaan harka ishee lamaani afaan ishee qabatte kolfashee dhoksaachuu yaalte akka
handaaqqo finqileen qabe jeennan ishee ajaa’ibu hin oolle.
Maal taate Oleera dhugaa si dhukkubeera jetteen? Harka ishee mataa isaa irra qubachiiste akka
hakiima dhukkubsataa yaalutti.Cal jedhe na dhukkubas hin jechuus dhiisnaan sin dhukkubne miti
isa dheengadda sana sodaatteeti miti jetteen.Oleeraan sodaate Hileenaan dhimma namaa waan
hin qabneef harmee isaa biratti waan dubbattu se’e.Kana gidduudhan harmeen isaa
“Maal ta’ee ture?” jedhani.
Afaani ishee otuu harkaan qabee in jaallata ture garuu gochuu hin dandeenye.Hilenaan
dheengadda mana barumsaatti barsiisaan gaaffi gaafanna deebiisaa dhabnaan ijoolle itti kolfani
turan duratti Oleen gaafatame dhabu hin beeku jettee dubbii gara dabarsite.Akkamiin akka
isheen dubbii harmee isaa jalaa milkiste isa dhibnaan kolfee Oleeraan.”Elakaa kolfeehoo jedhani
harmeen isaa silaayyu ammoo akka durii miti qayyabachuu shilleessa jira” jedhani. Hileenaafi
Oleeraan waliin haasa’aa jiru harmeen isaa shayee moqorqoraa gurroo hin qabne tokkotti bishaan
naqani ibidda qarqaraa kan kaa’ani ho’eera. Bixxille eele cabaa irratti tussan bakka lamatti
cabsani shayiifi bixxille isaan lachuufuu dhiyyeessan. Hileen ija tuffiin qodaa sana ilaalte otuu
hin taane ogumma harmee Oleeraa dinqifataa jirti.Otuu mana isaani ta’e qodaan cabe baafamee
gatamuu malee tajaajila biraa kennaatti hin yaadamu amma garuu moqorqoraa rarraatoo hin
qabne kanaan shayee danfisuufi danda’uu isaanitti ajaa’ibsiifata shayiifi daabbo dhiyyate
nyaachuu eegalan. Har’a akka durii Oleera qofatu shayiifi daabboo ganama galgala nyaata miti
Hileenis irraa qoodachuu dandeesseetti. Hileen Oleeraa waliin takka taphataa turte yoona
baratoonni gadhiifamuu ga’u nan gala jette kaate harmee isaatti nagaa dhaamte booda gara
Oleeraatti galagalte.
“Sii habbe na gaggeesitamoo si dhukkubaa jira” jetten akka itti qoosutti waansaa akka dhukkuba
hin taane barteetti.
Ammoo fayyuu hin oolu hin Intalakoo fulli isaayyu ifeera jedhan. Oleeraan ishee gaggeessu
waliin balbala ba’e.Akkuma mana irraa xiqqoo ishee achi siqaniin Hileenaan Oleeraatti
galagaltee
Oleeko maliinni maal taatee haftee? Jetteen.
Oleeraan Hilee koo xiqqoo waan na sodaachisetu jira jedhen.
Maal sodaatta ati dhiira miti? jetten

65
Innimmaa sirridha garuu jira mitiree jedhe gaaffi isaa rarrasee hambise. Dubbii jijjiruu barbaade
Maal maal barattan gidduu kana? jedheen.
Tokko lamaan itti himtee “Ati waan daree hin turre seeraan hordofaa hin turre anis”jetten.
Maalif an yoo hin jiraanne hin baratu jechuudhamoo? Jedheen.
Eyyeen hin baradhuu sagalee dheekkamsuu fakkaatu tokko dhageesistee Hilenaan.
Gaaffi akkami na gaaffattaa? jette achumatti isa dhiiste sokkate.
Oleeraan fajajee dhaabbate ishee ilaaluu jalqabe.
Hic!Jette Cortuun ibsaan dirgim jennaan.Imaanaanis waan hojjetu dhiisee akkuma Cortuu
filmicha waliin takka bu’ee takka ba’aa jira.
Garaa nama nyaata dhugaa jedhe Imaanaan.
Cortuunis harkaa fuutee dhiisika baayye male. Argitee mitiree nuyi durboonni akkasitti gara
laafinaan namaaf yaanna jette durba ta’uu isheetti boonaa.
Wuyi dhiisi isallee Cortuu gara jabinaas sinumatu caala jedhe Imaanaan.
Ibsichimoo dafee hin dhufuga jette Cortuun Ibsaan badee daqiiqaan muraasa ture. Isheen akkas
jette Imaanaan waa turee
yes! Ibsaan dhufee jedhe.
Cortuun dhugaa seete kaate Tv banuuf jennaan. Sobeeni jedhe itti kolfee.
Bayi sobaa na gowwomsitaa jette saggo isaa rukutte. Ammas xiqqo ture hin dhufee jedhe.
Gowwomsaaf akka ta’e bartee isa rukuchuuf itti qajeelte inns ta’ee hin eegganne jala baqate,
duukaa butee isa figsisuu jalqabde. Mana keessa takka isa kurkursitee isaa gamnaan mana ba’uuf
dirqame. Mooraa keessa isaa naannesitee figsiistee qaqqabchuu dadhabdee. Dhummarra manatti
deebi’e firaashi irra cisuu ifa jiru sana irratti lafa dha’e. Cortuun isa booddedha harganaa dhuftee
sin qabadhee jette utaaltee Imaanaa irratti of gadhiiste. Harka lamaani mormaatti isa maramteetti
akka waan isa kuffifuu dandeessu isa kuffisuu yaalti. Imaanaa akkuma isaati dugdaan siree
gubbaati isa dirirsitee garaa isaa gubbaa yaabde irra teesse. Akka isa hin kabballeef harka ishee
lammaan waan qabeef akkatti isa rukkutuu dhabdee waxabattee dadhabnan ilkaanin isa ciniinuuf
gad itti jette. Iji jaraa al tokko wal irra bu’e ija ija keessa wal ilaalaa otuu jirani ta’iin isaan
dagatatantu ta’e.
********************************************************************
Danuun dorgommii walakaa maraatonni shambuutti gaggeffame boode filatamee dorgommii itti
aanuuf gara magaalaa Naqamtee akka dhaqu odeeffamaa jira. Xabaabireefi Nadhiin ergi guyyaa
haroo dimbee irratti wal reebani kaasani wal garrefachaa jiraatu. Xabuun otuu lubbuudhaan jiru
Danuu faanaa hin jiraattu jette Nadhiitti dhaadachaa oolti. Danuu mana barumsaa ture reefuma
mana galee laaqana nyaatee ka’a. Abbaan Danuu obbo Dagaagaan wadaroo lokoo fardaa
michiirachaa jiru balbala taa’ani.Xaababireen booda Danuurraan dhufte manni Danuufaa isa kam
akka ta’e adda baafatte jirti dallaa balbala isaani jala dhaabbatte boosi.Abbaan Danuu hirnqiifuu

66
bo’ichaa dhagani gad ba’anii ilaalan intalli furdoon guddoon dallaa isaani jala dhaabbatte boosi.
Itti siqani
Maal taate boossa mucaa koo? Jedhani.
Ittumaayyu kan caalu taate .
Obbo Dagaagaan waan isaa wallaalani sossobanii dadhabani. Addee fixeen mana keessa
boo’icha xabaabiree dhaga’ani gad itti ba’ani.
Maal taatee Intalakoo jedhani.
Hoomaa bo’icha malee deebiin gama Xabuun homtuu hin turre.
Addee Fixeen itti siqani
Warra keetu si loleeraamoo maalidha waansaa? jedhani.
Lakkisaa warra warra koo miti jette Xabuun siqsiq jettee bo’aa hafuura citaa.
Maal taatee boossaree jedhan abbaan Danuus.
Hi….hii.. Da.. Danu ….Danuutu jette himimmaan fula isheerra lolaasa hurgufamaa boo’aa
addan kuttee.
Danuun maal si godhe? jedhan ammas abbaan isaa.
“Dur durbumaa koo balleesse” jette ammas futtaafatte
Si’a kana obbo Dagaagaan bada gurbaattii kanaati kana naa jalqabee amma immoo jedhani figani
manatti olseenani hirree Danuu qabani gototaani gad fidani.Danuun Xabuudhaan balbala isaani
fulduratti argee qiwu jedhee na’e.Hojii ishee waan beektu Xabuu ija keessa isa ilaaluu dadhabde
fulla ishee gara hammugaa dalla balbala isaani dura jiruutti naannessatte.Abban Danuu waan
aran fakkaatu
“Maal gotee mucaa kana” jedhani sagalee jabaa dheekkamsuu of keeessaa qabu duraan isaan
irraa hin baratamneen.Danuun waan isaa isaaf hin galle maliin godhe jedhe.
“Hin sobdaa isayyuu” jedhani abbaan isaa kabballa tokko gurratti isa qadaadan.Danuun isaa
walii wallaale maddiisaa sukkumachaa culcul godhee ija abba isaa keessa ilaale.Adde Fixeen
maqaan nu badee jedhani maddii isaani qabatani dhaabatu.Abbaan Danuu si’a lammaaffaaf
Danutti aggatanii
Si mitii kan durbumaashee balleesse? Jedhani.Danuun nasuudhaan bishaanuma ta’e.Lafatu isaan
mare, guyyaatu itti dukkanaa’e lafa lixu dhabe otuu dacheen addaan hiramtee koottu as
dhokadhuu ittin jette in jaallata ture.
Sinaan jedhe jedhan ammas abbaan isaa sagalee jabaa dhageesisani.
Danuun “foon abbaa koo an akkas hin goone” jedhe kakatee.
Foga abbaa kee haa nyaatu isayyu natti kakatta jedhani itti banbanani.Waakkiifi washakkata isaa
amanuu hin dandeenye. Harka hin nyaanneen mangaagaa kee sirraa jallisu ta’e jedhani itti

67
aggaaman. Adde Fixeen giddu gallaan “farra baatta immo Fiixee turi na jaala” jedhani Danuutti
darbuu gamani.Xabuun booquu buustee ibidda qabsiiste qaqqammataa jirti.Danuun si’anni
lookoo abbaan isaa michiiraa turan fudhate namni hin agarre dallaara utaale na kuti jedhe harbuu
tufaa jala ba’e gara harbuu hallayyootti qajeele.Addee fiixeen yeroonni funyoo butate arguu hin
oolle fakkata iyya keessa fudhani dukaa bu’an.Ollanis garanaa garasi birmaate Danuu qabuuf
faana kaatani.Dargagooonni wasiila isaa Danuu faana bu’ani ba’ani garuu qaaqqabuu dhaban
male.Danuun harbuu hallayyoo jala ba’e harbuu jarii irraa keessa gore harbuu gumaa xixnnoo
yaabbate. Dhufaani achitti isa qaqqabuu geenyani achirraa utaale laga bachoo seene harbuu
awwaala gajjallaa goree.Naannoon farsii mukaa harbuun waan badhaadheruudha. Harbuun
hunduumtu maqaa maqaa isaani qabu kan ittiin adda baba’an. Harbuu golbaa,harbuu mimixee,
harbuu allaatti, harbuu qal’oo, harbuu tufaa, harbuu jigaa, harbuu gumaa xixinnoo, harbuu
hallayyoo, harbuu jaarii, harbuu awwaalaa, harbuu dobdobee, harbuu garaachoo, harbuu
goommanaa, harbuu bashiifaatu jira.Harboonni kun keessuma yeroo bonaa ijoollen ija ni nyaatu
kana malees horiif holotaaf waan kottee baayyef qabbana bakka boqonnaa ta’uu irra darbee akka
sorataati isaan tajaajila. Ibiddii Xabaabireen qe’ee Danuufaatti qabsiistee akkuma qabateetti jira.
Dargaggonni Danuu qabuu hin dandeenye silas figichaan namni isa qaqqabuu danda’uu hin
turree.Amma isaa faana figani laga bachoo seenee jala bannaan gamni gamanni birmate otuu
inni of gaaguree haada of hin gatiin isa qaqqabachuu qabu kanaan alaa Danuun of ajjesuuf waan
murteeffate fakkaata. Harmeen isaa Fiixeen kuu kuu kuu jedhani iyyu. Danuu somboo guddaa
tokko yaabbate damee mukichaatti funyoo isa hidhate mormatti of kaa’uuf jedha.Namni tokko
eessa akka inni jiru namniu quba qabu hin jiru. Abbaan isaa Xabaabiree waliin balabala
dhaabbatani haasa’aa jiru.
Maal intala koo mucaa farraa kana maaluma godhuun jedhe “eessatti akkana si godhe” jedhaniin.
Xabuun haa dubbii bosona cobxuutti jette silaa salphoo nyaara haddattee ta’uu ishee biyyatu
beeka abbaa Danuutu quba hin qabu male. Abbaan Danuu obboo Dagaagaan
Ati kan eenyuti ? jedhani
“Kan Gamsiisaa” jettee
“Banneka banneka Gamsiisaa kana mo ?”jedhani quba akeektu isaani gar dimbeetti akeekani.
“Maali ijoo raajii taanerrakaa abbaa kee wajjiin sanbatee dhugna miti. Kana maaluma abbaan
koo maladha? Maal naa wayya jecha takka taa’a takka ka’aa. Dhugaa qabuu obbo Dagaaagaan
safuu hawwaasatu cabee waan ta’eef nama saaalfachiisa. Tolinaan ilmi waasilaa Danuu akka
nama maaraate mukaa jala naanna’e isaa barbaadaa otuu jiru Danuu somboo gubbaa yaabe
damee mukaatti funyoo hidhaa isaa jiru arge. Danuun dameen mukaa duraan itti hidhatee ture
akka isa baachuu hin dandeenye waan shakkeef isaarra hiike damee mukaa furdaatti otuu inni
jijjirachaa jirutti kan Tolinaan dhufee irra ba’e male silaa akka dura itti hidhatee turee yoona
lubbuun isaa keessa hin jirtu ture. Otuma Danuun dameetti wadaroo hidhachuuf gonogonuu
Tolinaan muka yaabbi silaa akka qamaleeti dhaqee isarraaa ba’e wadaricha irraa butee fudhee
hiikee gad darbate. Akkasiin lubbuun Danuu du’a irraa baraarmtee.Tolinaan amala Xabuu waan
haaraa Danutti hime.Waan ta’a jedhamee hin yaadamnedha kun jedhame. Danuu soosobani
dubbiin hunduu akka inni sodaate akka hin taane isa amansiisani gara manaatti fudhani galaa
jiru. Abbaan Danuu Xabuudhaan boor jaarsa ergeen akka sin wal fuutani waalin jiraatanin
taasisaa amma deemi gali boor ittiin masaanuun sin arrabsiti cidha goodhetuman si fuusisa
jedhani sosobani qarshii shantama kennaniifi gara manaatti gaggeessani. Amala Xabuu Tolinaan

68
tokko tokkon gad faggeesse beeka.Duraan isa waliin barachaa bara turte akkasuma dargaggeessa
isaan waliin baratu tokkon durbummaa koo balleesse jette isa himatte jaarsi taa’e qarshii
shantama maatii mucaa adabee ture. Wal fudhaani waalin haa jiraatan jennan du’een argama
malee jette didee. Ammas qarshiima barbaacha waan deemtudha male dubbiin akka isheen jettu
dhugaa hin turre. Durbumaan akka guboo hungudaaye takkaa badee deebi’ee biqiluus hin
jiru.Dubbii kana abbaan Danuu gaafa dhaga’an gar malee rifatan. Kan gowwomsaan qarshii
fudhacuu ishee osoo hin taane kan lubbuun ilma isaani harka abbaa nagaa badee oolee kan isaan
naasise. Oduun kun guutummaa biyyaan odeeffamuu jalqabe mana barumsaatti ijoollen itti
cookuu malee dinaan Xabuun lamuu lammataa karaa mana barumsaas hin bane. Dubbii sobaan
Danuun maqaan isaa dhahamuun gar malee isa mufachiisu irra darbee boqonnaa isa
dhorkate.Otuu dhiraa taatee jiraatte akka leenca saafeela cicciree lafa ishee naqa ture garuu maal
godha durbaa irratti dhirri harkasaa akka ol hin fudhanne waan beekuf caal jedhe dhiisuuf
dirqame. Nashiinis dubbicha dhageesse mufatte jirti.Lafatti Xabuudhaan argattu dhabde male sila
qabdee akka amala ishee irraa galchiti turte.
Dhibeen Danuu barnoota isa jibbisiisuu isaa daran itti hammaata dhufe. Barsiisaan utuu daree
keessa dhaabate barsiisuu utaale ka’e ba’a. Yoo barbaades gabatee gurracha irra yaaddannoo
barsiisaan barreesse ibsa keennaa jiru duraa haxaa’e balleessa. Haallii isaa kun namoota maatiifi
barsiisota isaa yaaddessu jalqabe.Mana yaala homaa fala kennuufi dhabe.Ogeessonni xin-sammu
akka mana barumsaa jijjiree akka baratu gorfame.Kanaanis eessuma isaa ogeessa seeraa ture
bira dhaqee kutaa saddetaffa itti fufee. Danuu mana barumsaa haraa kanatti xiqqoo qalbii waan
godhate fakkaata. Barsiisaa isaa waliin bu’e hordofuu jalqabe akka amala isa duri. Baratoonni
kutaa sana ibsa barsiisaan keennu irraa yaadannoo gabaaba qabachuun waan amaleeffatame miti
Danuu garuu yadannoo qabachaa deemuun otuu barsiisaan ibsuu isaaf amala ture. Barsiisaan isaa
haala Danuu kana waan jibban fakkaatu maal na ilaalte barreesita jechuun itti dheekamani.Danuu
keessuma waan ta’eef cal jedhee obsuu filate. Barsiisaan ka’i kutaa naa gadhiisi ba’i jedhani
ajajani.Danuun garuu murteen isani kun galuufi diduus kabaja barsiisaaf maluuf jecha barnoota
gidduutti ba’e bakkee turuuf dirqame.Borumtaa isaa dhufani har’as akka kutaa gadhiisuufif itti
himani. Har’a garuu akka kaleessa Danuun ba’uu hin dandeenye. Isa rukuttuf dhaqannaan
Danuun utaalee minjaala yaabee.Barsiisaa waliin walitti bu’insi ta’ee. Barisonni birmatanif
abban badii barsiisicha akka ta’e ibsani. Walitti bu’an haa jedhamuyyu malee Danuun harka isa
ol fudhate barsiisaa isaa hin rukkunne ture.Guyyaan oolee bulee barnoonnis baratamuun akkuma
itti fufetti jira. Wal dhabdeen Danuufi barsiisicha haala kaana xumuramuu hin dandeenye
qorumsa Danuun argate irra tuqaa hir’isani.Danuu waan isa arseedha waan godhu dhabe male.
Guyyaa tokko Danuun mucaa eessuma isa balbala dura taphataa otuu jirani barsiisichi karaa
balbala isaani darbuu dhufe.Danuun ariin keessa isaa finiinee ka’e dhagaadhan dukka bu’e
figsise. Gochii Danuun kun mana murtii ga’e eessumni isaa ogeessa seeraa waan turani isanis hin
hanqanne. Galgala akkuma hojiidha galaniin
Danuu maalif nama loltee gurbaa ? jedhani gaafatan.
Danuun akka nama hin lolle haalus essumni isaa akkata qoratani yakka baasisaan waan beekanif
harkaa ba’uu hin dandeenye.
Baga gootee yoo akkas ta’e namnuu nu sodaate gaanfuree abbaa kee jedhani isa jajani.Danuun
dhuguma waan jajame se’ee waan godhe tokko lamaan gad fudhe itti odeesse. Eessumni isaa
erga hundumaa irra sassaabbatani akkas gochuun akka isarra hin turre itti himani.Danuun
qormaata kutaa saddettaffa fudhachuu jala ga’ee otuu jiru dhibeen isaa durani sun itti hammaan

69
addaan kutuuf dirqame. Hundumaa dhiise biyya abbasaatti galee. Murannoon inni barnoota
irratti qabuu waan laayyyoo hin turre garu maal godha tolchatuu ilma nama meeqa karaati
jaamsitte hambifteef hin toliin malee sila namoota biyya kanaaf bu’aa gurguddaa buusan keessa
Danuun nama tokko ta’uu akka danda’u shakkiin hin jiru. Addunyaa barnootaa keessa ba’ee
taa’uun Danuu ganama galgala boqonnaa isa dhorkuu jalqabe. Keessuma ergi barnoota dhabee
figichaas waan figaa tureef isumaan illee otuun itti fufee jiraadhe jedhee gaabbin taa’e aadaa.
Keessumaa Aanaa horroo bakka bu’ee isaa magaala Naqamteetti dorgomee ija isaa dura akka
libaan libi isa dura deddeebi’u turan.Akkas ture Danuufi atileetonni muraasi fiigichaan barsiisaa
Firdiin Darba Eebboon gareen biraa kubbaa miillan ture kan dorgommii magaalaa Naqamtee
irratti gaggeefamuu irratti hirmaachu dhaqan. Cimiin Danuu otuu inni Naqamteen hin ga’iin isa
dursee achii ga’eera.Dawwatoonni waa’e isaa dhaga’an amma isa arganitti waan jarjaaran
fakkaatu. Dorgommiin gosa gosaan gaggeeffama ture. Dabareen figichaa geenyaan atileetonni
bakka isaani qabatani figichaa qophaa’anii jiru. Isaan keessa Danuun warreen tilmaama mo’u
argatan keessaa tokko. Dorgomiin jalqabame Danuun duras miti boodas miti giddu galessuma
figaa jira.Marsaa yeroo dheeraa booda atileetonni wal bubuusu jalqabni, Dhumarratis Danuufi
atileetonni lama magaala Naqamtee kan bakka bu’an walitti hafani.Danuun harka hin laanne
tooftafi mal maltee mataa isaan harkaa ba’uu yaade. Atileetonni lamma Danuun dorgomaa cimaa
akka ta’e shakkuu irra darbani sodaan injifatamuu isaani isaanitti ifuu jalqabeera. Kanaf tasa
fakkeessani xaxanii isa kuffisuu yaaluu ture inni garuu kanas waan shakke fakkaata ofitti isaan
butuu didee.Homaa qaqqabuu hin dandeenye gara falaati maggalani maggalani dadhabani
injifannoo Danuun dorgomichii xumuramee. Haalli kun deegrtoota magaala Naqamtee ariin
waan bobeesse fakkaata.Danuutti dhagaa dadarbachuu jalqabani. Hallii isaa humna nagaa
eegsistootaan ol taana konkolaata polisiin Danuu dirree keessa fudhani deemuuf dirqamni.
Guyyaa sana injifannoo ajaa’ibaa galmeesisee ture Danuu Dagaagaa kormeen baddaa horro ilmi
horroo bulluq ganfureen goodaa abuuna. Dorgomtoonni kaan illee injifannoo boonsaa waan
galmeesisaniif gammachuu guddaadhan magaalaa shaambutti simatamani. Keessuma badhasonni
kopheefi hucuun figichaaf ta’an Danuun badhaafamee ture.Balabala taa’e badhaasa isaa kanaafi
waraaqaa ragaa isaaf kekennamaa turan ilaalee hiree isa mudate abaara. Otuu akka yaadasa
ammas deebi’e carraa barnoota yaaluu barbaada garuu hin milkoofneefi male.Obboloonni isaa
Mijeessaafi Ittaanan hojiidhaaf Iluu Abba Boor jiru isaa bira dhaqee magaala matuutti mana
barumsaa horayizenitti jalqabee dhumurra akkuma durani taanan itti dhiisee taa’uuf dirqame.
Akkaataan obbolonni isaa carraa baratani as ga’uu argatan salphaa hin turre mootummaan dargii
dargagoota funaanee adda waraanatti ergaa waan tureef iji qaafirota adda waraanaf dargageessa
funaani Danuu irra hin buune malee Mijeessafi Ittanaa irra ture. Mijeessaafi Ittaanan wal irratti
waan dhalataniif umuriidhan baayye wal hin gatani. Dulaafi qaamaan ga’oo turani. Baayyen
michoonni isaani humnaan qabamani adda waraanatti ergama turani.Keessuma magaalaa
shaambuu taa’an yeroo barachaa turanitti adamoo salphaa waan hin turre. Garuu ayyaanni
akaakileefi abaabilee isaani dabarsee isaanitti hin laane male. Adamoon humnaan qabamni
dulatti ergu kan duraa caala jabaachaa dhufee. Dhaadannoon “Hullum wede xoor ginbar” jedhus
dhaadeeffamaa ture. Obbo Dagaagaan ilmaan sadii dulaaf ga’an qaba waan ta’eef ergamuu qabu
jedhe qaarifi gandiicha ajaja baase. Garuu Danuu malee Mijjeessafi Ittaanaan mana hin turre inni
immoo qaamaan ga’aa hin turre dhisani galani.Guyyaa biraa akkuma amala isaani luf manaan
ba’ani.Har’a akka durii yoo dhaban dhiisani galuu osoo hin taane abbaa isaani obbo Dagaagaa
qabatani galuu ture. Mijjeessaan wabboo mana akkoo isaa dhaqee ture. Ittaanaan garuu qe’eema
turee harmeen isaa addee Fiixeen Boqolloo keessa handaqii afteefi as taa’I qayyabadhu jette
akka inni dubbisuuf haala mijeesiteefi. Gaashaan tarii qaafiraa dargaggoota qaban yoo dhufan

70
akka dhoksuu isheetis. Akkuma kayyeeffatani dhufaan obbo Dagaagaa qabatani deemani. Obbo
Dagaagaa lafanni Danuu waliin midhaan haamuu qabatani mana hidhaa shaambutti geessani.
Ittaanaan abbaan isaa qabamuu quba hin qabu dubbisa irra ture gara manaatti yoo deebi’uu
abbaan isaa qabamuu dhaga’e. Harka keennu male jedhe ka’ee qajeele. Namni danda’ee isa qabu
dhibe. Mana itti cuffanani balbala dhiitichoo tokkon lafatti diriirse figichaan na kuti
jedhe.Durattu namni isa danda’u hin jiru abbaa humnaati. Namoonni naannoo isani abbaa
damadamaa jedhani isa waamu. Hojiitti baanaan hunkura ishee dha’e lafa kaa’a. Addee Fiixeen
fi namoonni ollaa Ittaana boodee iyyaa isa qabuu duukaa fiigu. Dhiira fakkaata akka jirun namni
haama keessa jira.Dubartoota qofaatu gara mana jiraa silaa humnaan itti yaa’ani isa qabu turan.
Harmeen isaani aadde Fiixeen teella Ittaanaa fiigani “naa qabaa naa qabaa naa qabaa” “Hin
dabarsiinaa naa qabaa” jedhu.Ittaana namni isa qabu dhibee kana irraas kana irraa miliqee
miliqee darbee mandara dimbeetti seene.Yoona kana namichii fardaa odolchaa yaabbatee
saqalaati galuu itti dhufe.Addee fixeen
“Abba fardaa hin dabarsiin, dura gorii hin dabarsiin, dura gorii hin dabarsiin, Naa qabaa
haattudha jedhani itti lablabani Adde Fiixeen. Abbaan fardichaas Ittaanaa fardaan dura goree
qaqqabuu yaale inni garuu daandii gadhiisee jalaa midhaan keessa kutee qajeele. Dhumarra
hoomaa daadoo qarqa Hingooyye gubbaa bargamoo yaadani biraa haamaa xaaffi haama itti
dachaa’ani isa qabani. Hattudha hattudha jechaa waan dukaa figanif hattuu se’anii qabuu isaaniti
garaa isaanif.Amma maatiin isaa bira ga’utti maal hatte baqachaa jirta jedhani haamtuudhan itti
roorisan.Baratoonni mana barumsaa saqalaadha galaa jiran itti yaa’ani mucaan wasilaa isaa itti
maramtee boosee gad isa dhiisuu didee. Akkasiin Ittaanaa humnaan manatti isa deebisani
galchani isa eeguu jalqabani. Mijeessaan abbaan isaa akka qabame halkan gara sa’atii afur booda
kan inni dhaga’e. Dhugaa hin seene obboleessa isaa Ittaanatu qabame se’e malee abbaa isaa itti
hin fakkaane. Jiini baatee halkan sana shaashii fakkaatti. Mijeessan bodee male deemuu hin
jaallatu bodee isaa qabate halkan sana wabbooti gara faarisitti qajeele.Isaa reefuma laga diimaa
ga’u waraabessi lama taa’e itti dhufe.Mijeessan sodaa hin godhane isaan figsee. Deemsa isaa itti
fufee akkuma abuuna ga’een gaana waraabeessa laga abuunaati kikistu ba’e. Yoona kana kan
inni xiqqoo sodaate.Ta’uus dabuma waraabessa waan beekuuf itti deeme waruun qoosaa isaa
dhaqe iyyu hin turre gidduu ba’e karaa katta ishee xinnoo goree harbuu qal’oo jala ba’e
halkanuma sana mana ga’e. Sutaa jedhee yoo dhaggeffatu maatin hunduu mana keessa
dudubbatu sagalee Ittaanaas Danuus dhaga’ama jira.Garuu kan abba isaani obbo Dagagaa hin
dhaga’amu ture. Mijeessan akka abbaan isaa qabameru mirkaneeffate halkanuma sana nama
tokkotti otuu hin mul’atiin gara magaalaa shaambutti qajeele dhaqee harka kennee abbaa isaa
hidhaati gadhiisisuuf. Magala sagalaa darbee isaa odaa bulluq ga’u handaaqqoon si’a lammaffaf
iyye. Otuu lafti hin barii’in shaambuu ga’u qaba.Kanaan achi adamsituun biraa isa qabachuun
dirqama.Karaa lafoo magaala saqalaa irraa kaasee shambutti geessu akka gaaritti beeka
shaambuu waan baratuu galaa yeroo fe’atu. Geejibi konkolaata wan hin jirreef yeroo mara
miillan deemu turan bara sana. Mijjeessan akkaajji keessa kutee laga goota ce’ee irraan olee laga
gootaa yoo qabatuu shimbirroon wacce. Laftiis borgog jedheera.Biftuu dabaree ishee bakka
qabachuuf halaala irra cululuqaa jirti. Waktii birraa waan ta’eef ifti ishee ganamaan bakka
qabachuuf abbalaa jira.Mijjessaa diree kubaa milaa magaala shaambu cina ga’u jarsii nama
guddaan bullukoo uffate bataskaana galu itti dhufani.Mijeessaan
“Abbaabbaa warri dulaa karaatti sinitti dhufani” jedheen
“Eyyeen madanalamii bukkeedhaan amma sirbaa darbani’ jedhani

71
“Tole ulfaadhaa” jedhe bira kutee sokke.
Obbo Dagaagaan qonaan bultoota akkuma isaani sababa ijoollee isaanitti qabaman waliin mana
dhiphoo tokkotti naqamanii jiru. Baayyeen isaani akkuma lafa hoojii keessaa qabamanitti waan
jiraniif uffatuma qorra isaan irraa dhorkuu dandeessu ille namni uffate badaa hin jiru. Garuu
kutichi ho’a yoo ta’e malee qorra hin qabu. Hammi namoota kutichatti hidhamani baayye waan
ta’eef hafurri namoota kutticha ho’isuu irra darbee hafuura fudhaachuu nama dhorka.Muraasi
guyyaa lamman tokko keessa bulaniiru warra akka obbo Dagaagaafa har’a itti dabalaman male.
Dukkanni kutichaa gutummaa isaa dhuunfateera.Bayyina namoota achii jiran irraan ka’e lafti
dhaabatan hin turre.Hunduu yaadaan waan badani fakkaatu callisi guddaan ta’e. Turtii yeroo
muraasa boodee sagaleen
“Hibboo” jedhu dhagamef
“Hibbisi” jedhani.
“Dukkanni gubbii guute” sagalee jedhu dhageesisi ammas abaluun isaa kan hin beekamne.
Wal dukkaa “Mana hidhaa’ jedhan akka duraan marii qabani hundi namootaa kuticha keessa
jirani.Sana booda kolfii namootaafi gumgummiin namootaa dhaga’amuu eegale. Hunduu waan
dadhaban fakkaatu amma takka hasaassani boodaa callisi duraani sun jalqabe.Obbo Dagaagaan
sagalee isaani akka cirachuu tokko godhani

Akkam godheen callisaa x2


Keessa koo na dirrisaa
Onneenkoo na dhikkisaa
Mee ka’ee waa jedhadhuu
Waan garaa koo dubbadhu
Nan dhiisa jennaan didee
Jedhuuree ergan fide/2
= =//==
Ishoo
Duratti bara duri
Bara jabana durii
Maltu amman tokko godhee
Dhugaatoo garaagari.
Jabaa jabaa kuuffisee
Hunkuree bitaafa mirgaan

72
Boreefi Gurreedhaan jigsee.
Utaaltuus nan miliqxuu
Yoon tuffif dhiise malee
Baqadhee galee hin beekuu
yoo bokkaa ta’e malee
Darbadhee dhabeehin beeku
yoo qoosaaf ta’e male
Boreeyyuu bodeen direen
Hanfaaroo isaa irraa haamee
Luucaakoo dhaadhaa dibeen
Dhiichisee itti garmaame
Dagujjaa karaa darii
Horiin keenya hin galchanii
Warra galchetu beeka
Gadhee garaan fincaaniii
Warrii keenyi hin dhalchanii
Warra dhalchetu beeka.
Abbayeekoo ilaalimeet
Abbaa koo tokkichaakoo
Jabaakoo koo qorichakooy
Asan jiram ilmikee
Baraan gaadi’ameetan
Ela laalii ya abbaaabaa
Booyyeen ilkaan kalaada
Dubbii nama barbaada
Dukkanatti biyya naqee
Tafkiidhaan nama waada
Enyuttan ba’ee bada

73
Wasillan koo leenca
Essumman koo qeerransa
Ganfuree abbaa koo
Dura deemtuu Ijoolle Ganjii
Ilma soddaan faranjii
Jabaataa ilma orommo
Ganfuree baddaa horroo
Waan garaa isaani ga’e fakkaata geerarsi obbo Dagaagaa ishoo jedhani jalaa qabani wal walitti
hasaassu jalqabani.Keessumaa waan obboo jiraatan geerarsaa fakkeessani
Booyyeen ilkaan kalaada
Dubbii nama barbaada
Dukkanatti biyya naqee
Tafkiidhaan nama waada
Jedhan dubbii ijoo ta’eeraafi. Gaashaan mootiicha cigoodhaan qeequu waan ta’eefi.Obbo
Dagaagaani ergaan isaani kanuma malee wa’e cimina isaani ibsachuuf hin turre. Yoo ibsatani
waan komataman miti.Bosona galee falmachaa tureera. Dhageettin isaani akka Obbo Baqqaanaa
Gannatii hin ta’iin malee.Gootichi Baqqaanaa Gannatii bara 1915tti Godina Horroo Guduruu
naannoo 'Daaddoo' jedhamutti dhalate. Umrii ijoollummaa isaatti adamoo adamsuun maatiisaa
foon nyaachisaa kan ture yoo tahu bara mootummaa Hayilesillaasee keessa ammoo rakkoo
uummataa hubachuun hacuuccaa kana ifaan ifatti mormaa ture. Baqqaanaa Gannatii kudha arfan
warra Amuruu yommuu tahu qacceen dhalootasaa Amuruu warra 'makkannoo' jedhamu. Maatiin
isaas Amuruudhaa gara Horrootti akka dhufan ni himama. Bara 1935 yeroo Xaliyaaniin
Itoophiyaa weerarte, Baqqaanaan gochoota Itliin lixa Oromiyaa keessatti gootuu fi yaalii sirna
bittaa Xaliyaanii fincilaa ture.
Biyya keessatti sirna mootummaa 'abbaa lafaa' jedhamu irratti mormii gaggeessaa ture. Mirga
uummataaf falmuun "qonnaan bulaan kamuu lafa qotatee mirga irraa fayyadamuu qaba" jechuun
mootummaa yeroos wallaggaa bulchaa ture irratti dhiibbaa gochuun Baqqaanaan nama
miidhama namaa hin jaalanne dha.
Sirni bulchiinsa mootummaa H/Sillaasee liqimfamuufii didnaan meeshaa waraanaa bitee
namoota hidhachiisuun laga kan gale yoo tahu humna riphee loluun baandaa fi hattoota
qindaa'anii hojjetan qaanessaa tureera. Jaallan Baqqaanaa Gannati kan akka Moosisaa Baayisaa,
Dirribee Nagaasaa, [Gammachuu Simaa Geetaa], Bushaalaa Geter, Gamoosaa Jiilchaa warreen
jedhaman jaallan qabsoo Baqqaanaa Ganatii turani. Moosaa Baayisaa fi Baqqaanaa gidduutti
yeroo tokko tokko wal dhabdeen akka ture ni himama.

74
Baqqaanaan nama dhugaa jaalatu, nama xiiqii, kan onneen qeerransaa ti. Uummata Horroo
birattis jaalalaaf kabaja guddaa kan qabu dha.Baqqaanaan akka warra kaani humnaan namarra
fudhee nyaachuus saamuu hin jaallatu.Jaalalaan ummata waliin jiraata.
Baruma mootummaa H/Sillaasee keessa waggoottan sadiif lagatti galuun sirna mootummaa,
abbaa lafaa (qoroo) mormuun riphee lolee diinaa kolaasaa ture.
Gaaftokko otuu karaa 'Saqalaa' darbanii namoota farsoo dhugan tokkotti goran. Naannoo
'Dimbee' jedhamutti mana namaatiiti ture. Jarris farsoo dhuganii sirbaa otuu jiranii gootichi
Baqqaanaan, "jarri kun maal sirbitii mee irra yaanaa goraa" jechuun loleewwan isaa gara
shantamaa tahan waliin itti goran.
Isaan keessas nama masiinqoo rukutu namicha 'Guddataa Dabalaa' jedhamu dhalootaan gara
Jaardagaa naannoo 'Koobii' kan turetu masiinqoo dhaan taphata ture. Erga loleewwan
Baqqaanaafaa keessumfsiifamanii booda ammas sirba eegalan. Baqqaanaan abbaa malaa "mee
waa'ee keenya maal jettaniittuu?" jedhee gaafate Guddaataa Asmaarichaan . Guddataanis,
"jedheera gootakoo" jedhee deebiseef. "jedhi amma nan dhagaha" jechuun ammas itti
deebisnaan,
"ilaalikaa yaa dhiiraa
dhagahii yaa firaa,
sanyiin warra makkannoo
kan iji barbadaa
jedheeraam beekanoo" jedhee masiinqoon sirbe Guddataa Dabalaa.
Ittuma fufees,
“Joffee raasaa Gannatii
horfee nyaate barsadii" jechuun sirbee jeekkare.
Gootichi Baqqaanaan waggaa sadii kan dhokatee lolaa ture, sirbi isaaf sirbame kun torbaan
isaatti guutummaa Horroo Guduruu waliin gahe.Erga H/Sillaaseen kufee sirni Dargii aangoo
qabateen booda gara qe'ee isaatti deebi'e. Poolisiin mootummaa Dargii akka namni kun
ajjeefamu yeroo hedduu murteesse. Guyyaa tokko dirree 'Cambee' jedhamu irratti baasanii
mukatti hirkisuun rukkutanii ajjeesuuf jedhan. Uummata walgahii bahee jiru fuulduratti
rasaasaan rukutanii ajjeesuuf akka uummanni fedha qabu gaafatan. Hundumtuu akka inni
ajjeefamu hin feenu jedhan. Baqqaanaan nama hin tuqu maal nu godhee jedhanii didan. Innis
sagalee uummataan rasaasarraa baraarame.
Bara 1984ALI ykn 1992ALA ammoo Leenca ajjeesee faachaan geerare. Yeroo sanatti namni
leenca ajjeese goota dha. Kanas kan godhe balbaluma isaa bosona 'Sholokoo' jedhamutti ture.
Hanga har'aatti umrii manguddummaan kan jiru yoo tahu Baqqaanaa Gannatii Walduu, abbaan
Buzee, Abarraash, abbaan Lammeessaa fi abbaan Dr. Biraanuu aanaa Horroo Bulluq ganda

75
Daaddoo Siree Budoo jedhamu keessa jiraachaa jira. Ilmaan isaa inni hores hanga torbaatamaa
kan gahan yoo tahu ijoollee 40 ol dhalcheera.
Laftii bar’ee booruun baqaqeera. Polisiin qawwee shulkutii gateetti isaatti rarraafate hidhamtoota
irraa balabala banee sagalee isaa olfudhatee
“Dagaagaa” jedhee waame.
Obbo Dagaagaan “asan jira” jedhani.
Akkuma kutaa mana hidhichaati ba’ani balbala irra ga’ani dugdi isaani lammatti waan cite
fakkaata “a’aa” jedhani mudhii qabatani dhaabbatani. Mijjeessatu dhufee harka kennera naasuun
isaanis isa arganiti. Na galaafatte gurbaa na galaafattee gurbaa jedhani irra deddebi’ani.
Hidhamuu isaanitti hin gaddine lubbuu ijoolle isanirra hin caaluufi waan ta’e.Ajajaan polisi
deemuu dandeessa ilmi kee dhufeera jedhani maqaa isaa galmeessani isa gaggeessani. Obbo
Dagaagaan ilma isaanitti yeroo dhumaaf nagaa itti dhaamani otuu keessi isaani gaddaan
rukutamee bo’u mooricha keessa ba’ani. Eeboo Mijeessan qabatee dhufee polisiin kan ilma
isaani akka ta’e itti himnaan fudhatani qajeelani.Garaan isaan dinnan amma waareen galagalutti
achuma maagalicha keessa deddeebi’ani. Galgala keessa mana ga’ani. Akka Mijeessan dhaqee
abbaa isaa gadhiisiise namni quba qabu hin jiru ture. Obbo Dagaagaan mana ga’ani. Akkami
akka gadhiifaman yoo dubbatan.Guutummaa maatii isaanitu rifate. Annisaan mana jira jedhaa
warra mana laga jira jedhu kana gidduutti fociin na focoffocce jedheen gurbaan ollaa Annisaa
waliin godoo bulan loon eguuf. Dubbichi akkas ture halkaan Annisaafi ijoollen ollaa isaani
godoo buluu dhaqani gurbaa godoo keessatti dhiisani sirba halkani sirbuu dhaqu.Gurbaan qophaa
isaa godoo keessa cisuu waan sodaate ka’e gara manaatti galuuf qajeele.Otuu inni mana hin
ga’iin xaddeen karaatti itti dhuftee itti koriisteetti. Gurbaan fiigichaan gale gola keessa badee.
Maali maal taate jennaan
Annisaan mana jira jedhaa isin lagaa jira jettu kana giddutti fociin na focoffocce jedhe. Dubbiin
Mijeessas akkas ta’e warri mana wabboo jira jedhu warrii wabboo abuuna jira jedhuu kana
giddutti Mijeessaan dulaaf harka keenne shaambuu jira namnii tokko quba isa otoo hin qabaatin.
Guyyaan sun addee fixeefis ta’e guttumaa maati Danuufaaf gaarii hin turree. Mijeessan akkuma
harka kenneen calalliin namoota adda waraanatti ergamnii gaggeeffamuu jalqabee waree
booddee. Turtii yeroo muraasaan boodde Mijeessaani madalamuu dhiyyaate. Ilkaan isaa guutuu
ture ni darbee madaala irra dhaabbatee ulfaatina yoo ilaalamuu kilogiraama 49 ta’e. Akka
ulaagaa calallii waraana bara sanatti ulfaatinni nama tokko miijanamee kiloo shantamaa o,l ta’uu
qaba ture. Mijeessan akkasiin dulatti ergamuu irraa baraaramee lakkifame. Otuu Ittaanatu dhaqee
jiraate ni darba turee sababan isaas hojjaan isaa dheeraa qaamanis guddaa waan tureef. Maatiin
obboo Dagaagaa yaadoo keessa jiru waa’e ilma isaani. Ittaana dhaqee dhiifadhe malee jedhee
ta’iif dhaabii nama dhorkaa jira. Obboleessi koo dhaqeetu ani biraa hafee jiraadha amman badee
dhaqa anis jedheen bo’ee washabbare. Halkan sana egumsa Ittaanaaf jechaan maatiin isaani hin
rafne. Mijeessan akkuma gadhiifameen gara manaati galuuf murteessa. Halkan waree manaan
ba’e yoo mana banatu maatiin isaa amanuu hin dadneenyee abjuu abjuu itti fakkaate. Hala
kanaan ilmaan obbo Dagaagaa hambaa rasaarsaa ta’uu irraa baraaramani barnoota isanis
baratanii amma ogummaa hojii gonfataniin ummata isaani tajaajilaa jiru. Keessuma ummata Iluu

76
abbaa boor Anaa Darimuu, Noophaa, Mattuu, yaayyoo, Buree biraa galata guddaafi
jaallatamummaa olaana argatanii aantummaa fi amanamumma isaan ummata isaani tajaajilaniin.

Danuun erga biyyatti deebi’e Nadhiidhaan wal argee hin beeku. Warri ganjii kudha lamaa qe’ee
angaftichaa odaa ganjiitti fira barii qopheessani jiru. Fira bariin akaakuu tokko hidha dhiigaan
walitti dhiyyaatanitu qopheessa. Kayyoon isaas firooti isaani akka wal baruufi walitti adeemee
hariiroo firummaa isaani cimsaniif. Kan malee firri wal wallaale akka wal hin funnee hin
heerumneef waan gargaaruu jedhaniiti. Wal barteen fira barii gaggeefamuuf Kormii qalamee,
farsoon naqamee firri fagoofi dhiyyoo waamameera. Warri akkayyuu, qunnii, dimbee, akkaajji,
goortoo, caambee, daaddoo, abbillee, damaaddas, koobii, bulluq, kistaanaa fira fakkaatan kan
hin dhufne hin jiru farsii gaaddisaa harbuu tufaa jalatti walitti qabameera firri.Nadhiinis matii
isaani waliin dhangaa nyaata qoqopheessafatni fira barii kana gubbaati argamuf dhaqani. Laga
cobxuu gajjaalaadhan goodaa fooqaa qaraqra goorani fira barii kana irratti hirmaachuuf dhufaa
jiru. Danuun Nadhiifi harmee ishee dunkaana kophaa’e keessatti argee nii rifate. Tolinaa waliin
akkamiin dhufuu dandeesse Nadhiin jedhani wal harkaa fudhanii odeessu. Nadhiin Danuu yoo
agartuu lafa lixxu dhabde. Harmee isheetti galagalette
“Ayyoo warra Dagaagaafaa waliin firadhamoo?” jetteen.
Maarree warra tokko dha Nadhii. Malii maaf na gaafatte jedhani. Nadhiin dubbi irraa maksuuf
“Lakki ilma isaani Danuu waliin barannerraatidhan wal beekna” jetteen.
“Danuu isa figicha hin gashuu jedhan moo mee as waami eessa jira ?” jetteen harmeen Nadhii.
Kunnoo gara dhaabatni nama keessummeessa jiru jette ijaan isheetti argarsiste. Harmeen Nadhii
Danuudhaan harkaan waamtee wal hin beektan mitii silaa kootta wal bara wajjiniin barataa
turtan wal hin beektan malee jetteen. Akkasiin Danuun fi Nadhiin fira ta’anii ija hiriyyuummaan
wal ilaaluun hafee ija firummaatti kan deebi’e. Bagumayyuu jarjarree waa meeqa keessa hin
galiin kaa jedhe Danuun Nadhiidhaan. Manguddooni fira barichaa irratti akaakuu lakkobsisaani
firoomni isaani eessa eessa irratti akka wal ga’u himani. Gaafa hulaa gaafa du’aa wali irraa hin
hafiina wal gaafadhaa walitti deemaa, ijollee wal barsiisaa dhalli dhala keessani bakka jirani wal
baruu qabu yoo kana hin taanee wal fudhanii waan hoodaa akka nun goone.Firri wal wallaalee
wal fuudhee wal irraa dhalche jechuun safuudha. Ilmaan jaraas hin guddatu ilmaan haraamuuti.
Kana sirritti eegadha. Abboonni keenya akkasiin firoota keenyaan wal nu barsiisaani har’aan nu
ga’ani xiqqoo ishee aadaan fira bariin kun waan laafee fakkaata. Hundumaafu wal baruun
gaariindhaijollee jedhani dhaamani gorsaniis.Fira barichiis goolabamee hunduu akka wal walitti
adeemaan wal abdachiisani, ijoollee isaani wal wal barsiisaani gara mana mana isaanitti
deemani.
*****************************************************************************
*
Cortuun Imaanaa ciniinuuf akkuma itti gad jettetti ija keessa otuu wal ilaalani ibsaan
dhufe.Cortuu akka ibsaan dhufee hin agarree Imaanaan
‘Ibsaan dhufee”Jedhe.

77
“Bayi sobaa” jette durayyu gowwomsaa waan turrefi wal’ansioo isaani kan jalqabe.
Dhugaa akka ta’e kakatee mirkaneesseefi wal’aansoo isaani dhiisani gara filmii ilaalaa turaniitti
deebi’ani. Oleeraan akkuma dhaabatee ishee ilaalaa jirutti jira. Hilenaan garaa jabaatte achitti isa
dhiistee deemuu hin feene.Durumaas otuu inni naafa figeera in jaallatti ture Oleeratu gochuu
dide male. Achii irraa siqxee amma immoo figdee dhufte lafa inni dhaabatutti itti maramtee
gurra isaatti jette Oleekoo otuun sin argiin oolee buluun akkam akka natti ulfaate sitti himuu hin
danda’u ati immoo kana waan naa hubattee natti hin fakkaatu silaa gaaffiyoon daree hin jiraanne
barnoota kee hin hordoftu jettee nan gaafattu turte jette akkuma itti marmatee jirtutti itti
hasaasite. Oleeranis Hilee anis akkasumaa garii kana sana jedhee sittu himuu hin dandeenye
malee jedhe.Takka dhaabbatani ija keessa wal ilaalani wal hammatani nagaa walitti dhaamaniwal
gaggeessani. Lammanuu wal gaggeessani ka’ani amma amma mimil’atani wal I’ilaalu. Oleeraan
gara manatti karaa irra dhufeerra yoo deebi’u faana Hilee bakka isheen ejjataa turtee ilaala
deemaa. Siiquudhaan sirba Aliyyi Samit.
Wamicha hanga shaniikoo xalayyaafi afaanini
Dhuftee na wajjiin ooltee yeroon ga’esse gaggeesani
Garaan koo raorra’e ijikoo hubamtee himimmanini
Hin deebitun si se’a dhammanno hin heddummeessini
Deebii natti hin fakkaattu dhammannoo hin heddummeesini
Gaggessee karraan ga’e yeroo deebu si jalaa
Garaa ifi dadhabeettan faana kee lafan laala
Galee cisuun ……….. garaan gaggalaa bulaa
Maraatu irraa fagoo mitidafii naaf dhawwi mala/2
Jechaa mana ga’e yaadaan liqimfamee. Jaalala Hileenaa irraa isa qabe akkam akka gochuu
danda’u taa’e tilmaama. Halli jireenya isaafi kan Hileenaa garaagara ta’e waan itti mul’ateef
hiyyyumaa isaa kanaan immoo Hileen na jaallachuu dhisuu dandeessi jedhee waan
sodaatef.Keessuma addunyaan kun jireenya namoota ishee gubbaa jiraatani gidduu
garaagarummaa guddaa umusheef waan komataa jirus fakkaata. Barrulee isaa saaqqatee
Addunyaa fokkistuu
Kana hojiin gaararraa
Nama addaan qooddee
Gootuu garaagara
Isa kaan beellessaa
Isa kaan dheebossaa
Kaanif hunda guutte

78
Nyaachiste quubsaa
Kaan Hiyyumaan waaddee
Agabuu bushitaa.
Hayyuu qaroo fagoo
Xobbeetti jaamsita.
=//==
Amala namaalle garaagara goote
Isa kaan budaa kaanimmo garraami
Isa tokko hagamsa tokkommo hadaami
Wal cabsaa wal dhiigsaa
Oolchita dhala nama
Dabni meeqa hedduun
Sirratti rawwatama.
Waan wal hin fakkaanne
Walitti hodhitaa
Adiidhaaf gurraacha
Walitti suphitaa.
Hiyyeessa bututtuun
Waaroon lafa haruu
Boogidaa boronqii
Fuulli daalachaa’ufi
Baredduu midhagduu
Mucaa hidhiin xuuxxo
Yogguu ishee laalan
Kufaan maraammartoon
Maalif walitti fiddee na sakaalta
Hiyyumaan koo hanqateetu
Kanaan na darartaa?

79
Jedhe waan keessa isaa jiru ibsachuu yaale. Walitti dhuffeenyi isaani baratoota kaan biratti
baratamaa dhufee. Laaqana waaliin nyaachuun isaani silaa akkuma itti fufeetti jira. Wantootaa
tokko qulqullina isaa akka eeggatuuf jettes Hilenaan qarshii in kennitiifi. Bifni amma waan
deebi’aa jiru fakkaata. Durattis hiyyumaatuu isa daalacheesera malee godoomee hin turree.
Oleeraa sodaa hin qabugaru Hileenaan akka isa jaallatte itti dhiyyaattefi hiyyummaan isaa
garaaa ishee nyaanna isa gargaaruu dhiyyaatte keessaa adda baafachuu dadhabuun isaa isa
dhiphisuu jalqabe. Guyyaa tokko yaanni isaa akkana jedhee isatti hime. Dhuguma Hileen akka
naa jaallattefi hiyyumaa koo ilaaltee na gargaaruu natti dhiyyaatte adda baafachun qaba jedhe
xalayyaa barreessufi dirqame. Halkaan guttu takka barreessa takka yaadichatti quufuu dadhabee
ciciree gataa ammas barreessa amma cicciraa dhumarra xalayyaa tokko barreesse dadachaase
baruulee Hilenaan keessa ka’e. Hilenaan mana geesse hojii manaa hojjechuuf yeroo barrulee
ishee banattu waraqaa dadachaafamee barrulee ishee keessa argite.
Si haa ga’u nagaan koo inni oonnee koo irraa madde qilleensa keessa balalii’ee tullurra
qaxxamuree galaana daakee ce’e.Nagumaa Hileekoo? An nagaa kooti yaada kee irraa kan
hafee hoomaa dhibee hin qabu.Hileekoo guyyaa si wajjin oolee galee amman deebi’e si argutti
akka saree dhama kajeeltuttan cololi’a. Si waliin oolee galuu miti otuun olee buleeyyu waanin
nuffu miti. Hileekoo tarii ati miran ani siif qabaachaa jiru kana naaf qabaachuu dhiisu
dandeessa ta’a. Sababii hiyyumaa koof jette garalaafina uumaan kee si badhaaseen naaf
gadittee na gargaaruuf natti dhiyyaatte ta’a. Ani garuu Hileekoo jaalala ati garummaafi gara
laafinaan na boojitee dhidhimee karaa bahaa dhabee rakkachaa jira. Hileeko Waa tokko si
gaafachuun barabaada. Dhugumaa jaalalli ana irraa si qabnaan natti dhiyyattemoo yookis
hiyyumman koo si gaddissinaan na gargaaruu feeteti.Yoo na jaallatteetta ta’e gammachuu isaa
hin danda’u bayyee natti tola. Garuu lakki sin jaallanne rakkina keetu garaa na nyaannan kan
jettu yoo ta’e immoo har’aan kaasii dhaabi akka ati akkasiin natti dhiyyaatu hin fedhu waanin
ta’ef. Ani garuu waan sin haaluu hin dandeenye onneen koo gutummaa gutuutti sin akka
booji’amteetun sitti himuu barbaada. Jaallataa kee Oleeraa irraa
Hileenaan gammachuun tokko keessa isheetti burquu jalqabe. Durumaa afaanii baastee
gaafachuutu itti ulfaate tureen malee ergi biqiltuun jaalala Oleeraa ishee keessatti faca’ee
bubbuleera.Halkan sana hirribi ija isheetti dhufuu didee amma lafti barii’e boor dhaqxee
Oleeraatti himtuttu jarjarteetti. Mana baarumsaa Oleeraa akka dafee dhaquu waan beektuufi
dursitee achi geessee isa eeguu jalqabde.Oleeraan akka durii isaa dafee hin dhufnee. Baratoonni
hunduu kutaatti argamani wayitiin barumsaas geenyaan barsiisaan dhufee daree seene barsiisuu
jalqabe.Oleeraan karaa mana barumsaa ba’uu hin dandeenye. Akka amala isaa ishee saalfatee
waan hafee isheetti fakkaate.Oleeraa guyyoota lama walitti aansee mana barumsaa oole.Kun
immoo ittumayyu isa yaaduree dabarsee akka itti mufattu godheera.Oleeraa gaafa sadda kutaatti
argame. Hilenaan isa dura ijaan meeqa ofirra mimil’atte isa ilaaltu har’a faraa isa dhowwattee
teesse. Haallii ishee kun immoo Oleeraaf ergaa biraa waan dabarsaa jiru ta’ee itti mul’atee.
Yeroon laaqan geenyaan Oleeraa callisee bakka isaa taa’uu filate. Baratoonni kaan akkuma
kutaadha bahaniin. Ka’ee qajeele inni ba’uuf Hileenaan bakkuma ishee teesse jirti. Achitti ishee
dhisee ba’uuf ka’uun isaa immoo ittumaayyu ishee aarse.
“Oleeraa ?”jette kaate gateettii isaa qabdee.
Homaa hin dubbanne callisee ishee ilaale.
Maal taatee mana barumsaa oolaa turtee guyyotaa sadiif walitti aansitee jetten?

80
Harmee xiqqoo dhukkubnaaan kanaafin hafee jedhe sagalee isaa laaffise.
Hin sobiin jette jette sagaleen ishee waan dheekama jirtu fakkaata.
Dhugaa haati koo haa dutuu jedhee kakate.
Tolee gidduu kana wal arginee hin beeknu maaf nan dubbisin bahuuf kaatere jetten gaaffi biraa?
Xalayyaan siif barreesse argiteetta isa hojiirra oolchuuf waan na faara natti badee natti
fakkaanani hileekoo jedhe.Silaa isheen isa inni na gargaaruuf taanan har’aan kaasii dhabii
jedhuuru yaadattu hin qalbeeffanne turte.Amma ergani akkas jedhe isheef dhufnaan. Harka ishee
lamaan itti bal’iftee isaa hammatee ani hiyyuummaa kee waliinan si jaaladha Oleekoo jette
laphee isatti hirkatte. Innis ofitti qabattee jaalalli isaani ho’ee humna godhachuu
eegale.Hileenaanis galgala galgala sababa uumtee isa waliin bashannana daandiirra ba’uu
jalqabde. Guyyaa tokko harmeen ishee du’a ga’ii dhaqaa otuu jirani dubartoota oolla isaani
waliin dandii gubbaarra deema jiru. Hilenaan harka ishee Oleeraa keessa galchatte karaatti
isaanitti dhufte Wayyoo Oleekoo nan badeeka harmeen nautti dhuftee jette fula ishee harmee
ishee irraa galagalfatte. Harmeen ishee garuun arganiiru qaana’anii akka nama hooma hin
agarreetti qara ilaala bira darbani. Dubartoonni oolla isaani ishee baruu hin dandeenye huccuu
haraa reefuu bitameefi uffatte waan baateef namni isheerratti beekuu waan hin turree ishee baruu
hin dandeenye. Hilenaan akka garaa isheetti waan baramtee itti hin fakkaane. Mana galtee akka
nama dubbisaafa dhimmameeti kutaa ishee keessa gad ba’uu didde. Irbaata iyyuu hojjettu mana
isaanitu kutaa isheetti geesseefi.Harmeen ishee dubbii kana callisanii ilaaluu hin barbanne abbaa
isheetti himaaniifi. Abbaan Hilenaa yoo amma mucaa kanatti dubbanne ittin akka badduu
gochuudha amalaan qabuutu nurra jira jedhani harmee ishee tasgabbeessu yaalan. Harmeen
Hileenaa garuu otuma ta’ee ta’eyyuu mucaa hiyyeessa waan nyaatamu mana keessa hin qabne
waliin moo abba Hilenaa jedhani qeeqa isaani ibsatani. Akkumasaatti tasgabbeessani abban
Hilenaa harmee ishee. Guyyaa biraa ofii isaani dubbicha qorachuuf murteessani. Haasaa isaani
kana Hileenaan karaa sutaa jette dhaggeeffata jirti. Amma reefuudha kan harmeen ishee ishee
arguu mirkaneeffate Hileen.
Abbaan Hilenaa guyyaa lama booddee yeroodhaan hojiidhaa galani barcuma milla sadii irra
taa’ani Biftuu galagala lixuuf calalaqxu qaqqaamachaa kutaa haraa reefuu bitatan olbatanii
qarqara kutichaa fo’aa jiru. Hileedhaan ofitti waamani waa’e barnootaa waan tokko tokko ergi
irraa odeeffatani boodaa gara tuqaa barbaadanitti darbuuf jedhu.Hilenaanfa bara sana baratoota
kutaa kudha lammaffaa fudhatan turan. Mee egaa Intalakoo atis bara dhuftu yoo rabbii jedhe
yuniversitti galuuf jetta. Durbaa geessus taateetta. Kana boodaa sodaanis asiif asiin yaa’uun isaa
hin oolu jedhani kolfani kofalchiisani. Hilenaan abbaa ishee waan dhoksitu tokko hin qabdu
waan hunda otuu hin dhoksiin itti himatti. Abban ishee qarqara labanii labanii waa meeqa gad
fuudhani haasaani booda gara dhimma barbaadanitti ce’ani. Akkamii giftikoo yoo kaadhimaan
sii dhufee intala mari’annee sinitti himna jennamoo qabdii jennee deebifna. Hileeko amma akka
durii qoosaa qofaa miti waan dubbii dhama qabus mari’achuu qabna mitiree jedhan.Hileen mataa
raastee eyyee akka jechuuti. Dur bara keenyaa maatiin waan ofii isaa jaallatee wal fuusisaa
walittis heerumsiisaa. Amma immo waanti akkasii hin jiru ta’uus hin qabu nama jaallatanitti
herumu male.Akkami wanti jiru jiraa si bira moo kan qalbiin kee irratti hafe hin jitu jedhan ?
Hileenaan yoo dhoksitees harmeen ishee isa argan sana akka itti himaniran waan beektuuf otuu
hin dhoksiin itti himuuf dirqamte. Abbaan Hilenaa haasaa ishee irraa akka gurbaa jaallattu waan
baran fakkatu maarree mana fidii wal nu barsiisikaa jedhani. Hilenaanis tole jette Oleeraadha

81
manatti waamtee isaan barsiisuudhaaf. Harmeen ishee badaa faraa tolaadhaan dubbicha hin
simanne turani. Oleeraan otuma saalfatuu affeerra Hilenaan taasifteefi irratti argamuf ishee
walin karaa mana isaani ba’e. Akkuma mooraa seeneen ija isaa barbar godhe as nannesse achi
naannesse ilaalee quufu dadhabe. Magarisummaan qe’ee Hileefaa qalbii isaa booji’e. Keessuma
marga lalisaa ganamaa galgala wardiyaan mana isaani bishaan obaasu sun akka qaloo masqala
jalaa leensani muujjaa balabalaa fakkatan dhedheeratani akka hin kukufnee yeroo yerooti irraa
gaggabafamaniru. Yoo ilaalan gofaree dargaggeessa faaqqeedhan filamee dhaabbatu fakkaatu.
Gosoonni habaaboo silaa mali mooricha ilillii jannataa fakkeesaniru. Oleeraa otuu ilaalee hin
quufiin Hileen gara manatti fudhatte isa galtee. Abbaan ishee mana jiru
Nooraa jedhani kabaja isaaf lafaa olka’ani harka fudhani
Oleeraan ulfina guddaa itti agarsiise boquu isaa gad qabee harka isaa bitaan isa mirgaa utubee
harkaa isaan fuudhe. Harmeen Hilee achuma taa’ani harka itti hiixatani isaanis kabajaa isaan
dubbisee abbaan Hilenaa harkaan bakka taa’u itti agarsiisani. Oleeraa garuu akka saalfachuu ta’e
taa’uu sodaate akka yaada isaatti uffati isaa taa’umsichaa waan xureessu itti fakkaata. Hilenaan
isuma cinaadhan teesse isa teessiste. Maqaa isaa Hileen maatiitti himtee baratoota kutaa tokko
akka ta’anis kana irra darbee immoo jaalalaan akka waliin jira. Abbaan ishee faara tolaadhaan isa
simatani, harmeen Hileenaa garuu gammachuun fuula isaani irra waan dubbifamu hin fakkaatu
fakkeessa akka seequu ta’an malee. Laaqanni gosa gosaan qophaa’e lafa itti nyaatamu irra toora
nam’ee jira. Harmeen Hilenaa laqanni dhiyyaatera kaanee haa nyaannu jedhani. Abbaafi haati
Hileenaa harka dhiqatani minjaala soraata taa’ani.Hilenaafi Oleeraani lafa jiranii ka’ani harka
isaani dhiqatani cinaa isaanitiin taa’ani laaqana nyaachuu eegalani.Oleeraa waan raajii waan
argaa jiru isatti fakkaate. Nyaanni hamma kana baayyatu dhufee fulduraa isaani jiru kun
isaanumaaf qopheefameeramoo nama biraatu nu boodeedhaan jira jedhee yaadaan of keessatti
gumguma. Oleeraaf waan haaraa ta’us yeroo mara akkatuma kaanaan dhiyyaata ture mana
Hileenaafatti silaa sooranni. Soranni nyaatame boodaa bunni danfifamee dhugame abbaan
Hilenaa jedhaa taphanna biroo ga’een dhufa jedhani furtuu konkolaata isaani minjaala gubbaa
ture Hilenaan akka keenituufi qubaan agarsiisaan.Hileenaan fiddeef maddii isaani jala dhungatte
gaggeesite.Hin badiin egaa Oleera akka mana keetti ilaalii kana booda jedhani itti koosani nagaa
itti dhaamani deemani. Harmeen Hilenaas takka turani deemani. Hileenaan jaalallee ishee waliin
mana keessatti hafte.Mana isaani keessa kutaa jiru tokko tokkon isa daawwachiiste, kutaa isheen
cisicha isheefi kaan keessatti dubbistus geesite. Oleeraan haala mijaata akkasii qabaachuu
isheetti dinqisiifacha ajaa’iba dhugaa jedhe. Xiqqo waliin soofaa gubbaa taa’ani taphatanin
boodaa waan nyaatamu kan duraa osooo hin tane kan biraa waa xiqqoo dhamdhamni dhugaati
wayiini Hileenaan bantee qaruuraatti buuste tokko isaaf tokko ofii ture. Wal takka ol fudhani
qileensa irratti walitti buusani dhudha’ani. Oleeraa dhugaatti akkasii dhugee hin beeku suuta
sutaa dhamdhamuu jalqabani. Hilenaan durattu shaakala isaa qabdi. Harmeen ishees bakka
dhaqanii deebi’anii galaniiru. Haalli Oleeraa akka jijjiramaa jiru waan hubatan fakkaatu
Hileekoo mucaa kana baayye hin dhugsiisin garaan itti hin beekne gaarii miti mana keessaati
gadhiisu nu galaafata jedhani. Dhuguma Oleeraa machaa’uu deemaa jira fakkaata kolfa isatti
buusa. Isa sila akka keessuma callisu amma waa meeqa kaasee odeessu barbaada. Hilenaan haala
isaa kana irratti bartee yeroodhaan galuu akka qaba jette isa gaggeessuf waliin baate. Oleeraa
Hileetti hirkatee bayyees of yoo of dadhabuu baateyyu machaa’uun isaa ni beekama. Akkuma
isaatti manaan isa geesse siree isaarraan geessee deebite. Oleeraan ammayyu akka waan
Hilenaan isa waliin jirtuuttu dudubbata. Garuu ishee yoonaa galteeyyu mana geessi. Takka
gugumgumee achuuma hiribi isa qabnaan of wallaale rafe. Harmeen isaa inni ka’uu dinaan qufaa

82
hin dhabu jedhani akkasumaan isa bulchuu hin feene isa dammaqsuuf yaalani inni garuu hiriba
keessa ka’uu dadhabe.Ganama hirribaa ogguu ka’u mataan isaa akka dhagaa itti ulfaate. Maal
akka ta’e yaadachuu dhabe. Akka tasaa sanbata duraa waan tureef manni barumsaa hin turre
malee.
Hilenaan jaalallee ishee manatti irra deddeebitee waamuu jalqabdee. Kutaa ishee keessa taa’ani
waliin qayyabachaa ooluu.Haala isaani kana harmeen Hilenaa waan jibban fakkaatu.
Dargagumma irra awaan jiranif lammanu tarii waan biraa keessa galuu jedhani shakkuu hin
oolle. Hilenaan waliin dubbisna jette guyyaa guyyaan manati isa waamuu amaleefatamaa
dhufera. Guyyaa tokko Oleeraa mana dhufee jiru harmeen ishee Hileedhan ergaa ergani Oleeraa
lamuu lammata balabala kana akka hin ejjenne jedhani isa akeekkachiisani. Oleeraa sodaa kanaaf
mana isaani dhaquu lagate. Hilenaan sababa maalin akka inni mana isaani lagatee waan beektu
hin qabdu Oleeraanis ittihimuu hin feene ture. Guyyaa tokko akkuma amala ishee isaa waamtee.
Egdee egdee dadhabnaan mana isaani deemte. Waan jiruu qoroqrotee isa gaafatte sababni
harmee ishee ta’uu mirkaneeffate. Kanaaf otuu harmeen ishee mana jirani Oleeraan dhufuu akka
hin barbaanne ibseeef. Tole sitti hin tolu taanaan jette yaada isaatti waliif galtee. Guyyaa tokko
firri dhiyyoo harmee ishee baadiyaadha boqonnaan achi dhaqani. Guyyaa sana Hilee michuu
ishee manatti waamtee waliin taphachuu eegalte. Akka durii isaani sodaa tokko hin qabani.
Hojjettunifi Wardiyaan nama isaani silaa to’annoo ishee jalatti waan bulanidha. Hafuura isaani
baafatani dubbatan jennaan ammuma kana isaan ariisisuu dandeessi. Oleeraafi Hileen kutaa ishee
keessa waliin dubbisuu jalqabani. Guyyaan qormaatas dhiyyaate jira. Otuma waliin dubbisaa
jirani mirri isaani jijjiramuu eegale. Amma amma ija keessa wal I’ilaalu. Gororas amma amma
liliqimsu. Hileen harka ishee saggoo isaa irra dabarsitee isa hammatte akkuma gad jedhani
dubbisaa jiranitti jiru. Haalli uffaana Hilenaa miiraa dhiruumma dargaggessaa haa turuu kan
jaarsaa dullomeeyyu waan rafa riphee dammaksuu fakkaata. Walitti galagalani wal ilaalani.
Hilenaan kitaaba dubbisaa jiraan Oleerra futee cuftee minjaala keesse. Hidhii isaatti suta jette
siqxee lamxas goote isa dhungatte. Hafuura dheeraa tokko baafate Oleeraan. Harka ishee
lamaanin maddi isaa qabdee akka waatii calacoo mucha sa’aa hootuttu hidhiisaa xuuxuu
jalqabdee. Mirri lamaan isaani akka ho’a eelee suphee suuta suutaa dabala deeme. Oleeraa harka
tokkon gudeeda ishee sukkuuma tokkichaa immo akka waan baayyina qajjisa rifeensa mataa
ishee lakka’aa jiru rifeensa mataa ishee keessa loloosa. Wal hammatani sire irratti diriirani waan
keessumma isaanif ta’etu itti dhufe. Of to’achuu waan dadhaban fakkaatu. Keessuma abaluun
nutti dhufuu danda’a jedhani shakki dhabuun isaani immo caalamatti taphichaa sodaa malee
taphatan taasisaa jira. Turii yeroo muraasan booda sagalee aadaa dhaga’amuu jalqabe.Hojjetuun
Hileefaa waan ta’aa jiruu shakkuu irra dabartee maal gochuu akka dandessu bitaa itti galeera.
Sutuma suutaan sagleen jabaan aduu irra darbee iyyi guddaan dhaga’ame. Maaltu akka ta’a jiru
waan qalbeefata jiran hin fakkaatan. Hileen of wallalte siree gubbaattu gaggabde. Oleeraa dafqa
fixateera. Dhigni durbumaa Hilee akka hoolaa morma kutamee dhangale siree gubbaatti. Ija
keessa wal ilaalani dhukkubii guddaan Hileetti dhaga’amuus durbumaa ishee Oleeraaf kennutti
gammaddu fakkatti. Oleeraan rifateera. Ofitti ishee qabee jaalala itti agarsiise. Kana gochuun
isaa ishee boonsee Hilee. Akkuma isaatti jajjabaatte kaatee afata siree ishee jijjirte kutaa
dhiqanna seente. Oleeraan naasuun isarra waan gale hin fakkatu onneen isaa akka malee
dhikkifataa jira.Balbala baastee isaa gaggeesite gara manatti deebite hojjettu mana isaanis
wardiyaas homaa tokko dhaga’eera argeera akka hin jenne xis xinbis jennan waan ta’uu beektu
sinuu jette akeekachiste.

83
Oleeraafi Hilee waan har’a godhan kanatti lammataa hin deebine. Akkuma duraa sana Hilenaani
wareegama dhiigaa kanfachiisuu danda’a jedhani waan sodaatan fakkaatu. Qormaata fudhatani
boodde darbee darbee bakkeetti wal arguu malee akka durii mana dhufuun Oleeraa dhabbateera.
Guyyoonni akka wal wal irratti daddabalamii fagaachaa deemanin shanyiin Oleeraa waliin
fachaasaan Hileenaa keessatti biqilee of beeksisuu jalqabaa jira. Maaltu akkas akka ishee gochaa
jiru baruu hin dandeenye malee Hileenaan. Ammaa amma ishee tutufsisaa. Garaatis guyyoota
baayye ol ishee deebiseera. Nyaatatu qulqullinaan hin hojjetamne mucaa koof jedhani harmeen
ishee hojjettu mana keessa goolaa turan. Hojettun isaani garuu shakkuu hin ooltu. Hilenaatti
akkas ta’uu danda’a jettee itti himuu saalfatte male. Guyyaan oolee bulee garaan Hileenaa ifa
ba’ee mul’achuu jalqabe. Marsaan laguu ishee dhuufu erga dhaabe ji’oota lakkobsiiseera.
Hileenaa reefuu waan Oleeraa waliin gootee ija ishee dura deddeebi’u jalqabe. Ergi yeroos
marsaan laguu ishee akka dhaabbate waan lakkoftee bira geessef maal jettee akka mana teessu
wallalte. Otuu nama tokkotti hin himiin manaa baatee baddee. Achaan dhaqa asan dhaqa waan
jette hoomaa hin qabduu lafa sursuraa’u waan baateef nama akka binneensaaf saaxilamuun ishee
waan oolu hin fakkaatu. Keessuma dargaggoonni daandii irra jiraatan ishee arginaan humnaan
ishee gudeeduun isaanis waan oolu miti. Warrii mana kutaa ishee keessa jirti jedhani taa’u
Hileenaan erga manaa baatee turteetti.
Hic jedhe Imaanaan waan aree fakkaata.
Cortuun maal taatee jetten
Ibsichatu badeeka ammas jedheen
Cortuun kolfaan mar’imaani cicituu geesse.Kan ishee ajaa’ibe Imaanaan dur fiilmii ilaaluu hin
jaallanne har’a akkasitti xiyyeeffate ilaaluu isaa caalaa tujuba filmichaan dhidhimee ibsaan otuu
hin badiin ibsaan badee jechuu isaa ture. Cortuu otuma kolfituu kaasta jalqabatu dhume waan
ta’e kan itti anuu bakka buustee. Yoona kana turee Imaanaan akka filmichaan booji’ameeru kan
inni of bare.
Kutaan itti anuu jalqabnaan Imaanafi Cortuun ijaa isaani gara foodaa televizinitti qabani gurrI
isaanis sagalee achii dhaga’amtuu qeensee dhaggeefata. Hileenaan baduun ishee kan barame ergi
abbaan ishee hojiidha galani kutaa ishee dubbisa irra jirti se’anii yoo dhaqan kutaan duwwaa jira.
Essa dhaqxe Hileenaan jedhani warra manaa gaafatan akka kutaa keessa jirtu itti himaan. Meerre
kutaa keessa hin jirtu jedhani. Mana keessa asiif achi barbaadani dhaban. Iyyuun jalqabamee
abbaafi harmeen Hileenaa lafa lixaa dhabani. Harmeen ishee gurbaa sanatu fudhatee bade se’ani
gara mana Oleeraafatti qajeelani. Achii yoo ga’an waanti ta’a jiru Oleerafu abjuu abjuu itti
fakkaate. Harmeen Hilenaa dorsisaa irra darbanii hamma rukutuu ga’anitti itti dhaadatan.
Oleeraa dorsisaa isaani osoo hin taane baduu jaalallee isaatu sammu isaatti chappeefame. Inni
achiin dhaqa otuun hin jedhiin ba’e sokke. Abbaan Hilenaa durumaanu dhiibbaa dhiigaan
rakkaatu turani.Amma immo ittumaayyu magtarra ba’e jarsii nasuun gaggabee kufe.
Konkolaatan fuudhani hospitaa isaan geessani. Magaalaa keessa namni oliif gadi fiigee Hileenaa
barabaachaaf. Aduun dhiyyaa jira laftii sursuraa’eera biftuun mandhee isheetti seenuuf karra irra
geessetti. Oleeraa lafatu isaan maree eessa dhaqxe jedhee akka ishee barabaadu wallaale. Maliif
akka isheen manaa baatee baddees waan quba qabuu hoomaa hin qabu. Hileenaan waan gootu
wallaaltee jirti. Himimmaan ija ishee keessa burquu akka bishaan lagaa soor wal fancaa’a Ilkee
irraa gad furgiggifamuu dhangala’a. Oleeraa waan gochaa harkaa bannaan. Lafa duraan galgala
galgala dandii gubbaa harka wal qabatnii bashannana ba’an sana otuu yaadaan badee fayyuma

84
deemuu achiin ba’e. Hileenaan dhagaa jaalallee ishee Oleeraa wajjiin yaabbatani wal hammatani
taa’an sana gubbaa taa’aa turte sagalee faana namaa dhageessa suuqa dhagichaa jala galuuf
murteesite. Sagaleen dhaga’aa turtee akkuma isheen sodaatee dhufee dhagichaa gubbaa yaabee
ta’e. Of keessaatti waan hasaassa jiru fakkaata. Hileenaan hafuura ishee dhokfatte taa’uuf
dirqamteetti yoo tasa achi jala jirachuu ishee bare maaltuu akka ishee eeggatu tilmaamun ishee
hin rakkifne eenyummaa isaa waan hin barreef. Namichi dhagaa yaabee turee gumgummiin
sagalee isaa dhaga’amuu jalqabee. Sagalee dhira ta’uu isaa adda baafatteetti garuu eenyumma
isaa hin barree male. Hileena naan achi baate itti of mul’isuu barbaadde ture halkaan sana qophaa
ishee achitti hafuun yaddeessa waan ta’uuf garuu sodaan ishee midhaan inni ishee irraan
geesisuu danda’u tilmaamtee calliste. Gara saa’ati tokko bakkicha turuuf dirqamani. Dukkanni
akka gaaritti dabaree isaa ifa arii’e bakka qabateera. Sagaleen bineensota boosona wangoofi
waraabessaas halaala irraa ni dhaga’ama yoona kana turee Hilenaan binnensaan nyaatmuu koo
manna jette shokokii xiqqo dhageesiste. Namichii dhagaa irra ture shokokii dhaga’e ilaaluuf itti
siqee Hilenaan ishee arguu isaa bartee maloo adaraa rabbi natti hin bu’iin haadha obboleetti
manaa hin qabduu jette boossee washakkatte. Namichii waan dubbatu dhabee itti figuu irraan
kan hafe. Isumaayyu itti figuun isaa immoo daran ishee sodaachise akka ishee baqattu isa taasise.
Hileekoo Hileekoo anaa Oleeraa jedhe sagalee isaa ol fudhatee. Hilenaa amanuu hin dandeenye
garuu sagalee jaalallee isheesirritti waan beektuu amanuuf dirqamte. Oleeraan malii Hileekoo
maal taatee baddee jedhee itti figee. Oleekoo jette qoma isatti hirkatte hirqinfattee boosse.
Oleeraanis gargaaree himimmaan lakkuu lakkuu wal qabatanii gadhiisa. Sababa baduu ishee
tokko lamaan itti himtee. Cophxoo irratti Fanxoo jedhan. Hiyyuumma isa irraati ba’aan kan biraa
dabalamuuf jira. Oleeraan garuu kun isa hin yaadesin Hilenaa argachuu isaatti gammachuu
guddaatu itti dhaga’amee. Wal fudhatani gara mana harmee isaatti qajeelan. Dandii gubbaati
konkolachisaan bajajii isaan argee Hilenaa maal hojjetta asi abbaan kee hospitaa galanii jiru miti
jedhe naasuudhaa dugda ishee kute. Hilenaa akka allaadduu bishaan keessa hurgufamte. Hala
ishee kana ilaalee gadde kootta sinaan geesse jedhe dhaqaxee hospitaan ga’e. Namoonni ollaa
Hileenaatiin karra hospitaaalichaa duratti argani essa dhuftee eessa dhufte jedhani wal wal
gaggafatan. Oleeraanis ishee waliin jira. Kutaa kam akka ciisee jiru abbaan ishee gaafatte bira
dhaqxe. Of lallaani kan tura amma xiqoo sammuttiu deebi’aniruu. Ittumaayyu gaafa Hileenan
dhuftee laphee isaanitti gad jettu immo maddi gammachuu isaani bakkatti waan deebite fakkate
ol jedhanii taa’ani. Maal taatee dhala koo maal rakkatee manaa batte waan rakkatte jiraa jedhani
himiimmaan isaani kolol godhani. Dhugaa qabu garaa dhalatti akkaf nama boosiisa. Hilenaan
akkam jette akka abbaa isheetinhimtuu walii wallalate. Ijaan gurrii baayyeen akka isaan
dhaggeeffata jiru waan barteef callisuu filatte.
Abbaakoo sittan hima yeroo biraa jetten
Waawuu amma natti himtu malee jedhanii ishee dirqamsiisaan. Waan rakkatte natti himi
maaluma taatee maal dhabdee dhala koo jedhani garaa mararteen Hileenaa mararfachaa. Narsiin
haala Hilenaa waan hubatte fakkaata namoota kaan kutichaa baafte isaan lamaan qofaa walitti
dhiifte. Hilenaan waan salfatte manaa ba’uuf dirqamtee abbaa isheetti himtee. Abbaan Hileenaa
bayyee hin dhiphaanne maal rakko qabaree qabeenya yoo ta’e jira waliin jiraatu malee kanatu si
dhiphiseeere jedhani. Narsii ofitti waamani harkaan yaali taasisaafi jedhani.Harmeen Hileenaa
argamuu mucaa isaani dhaga’ani figaani dhufaan. Silaa ammayyu ishee barbaadaa jiru
turan.Dhufnaan Hilenaan qorannoof kutaa qorannoo seentee jirti maal taate mucaan koo jedhani
iyyani hospitaala jeeqani. Abbaan Hilenaa tasgabbeesani koottu sittan hima jedhani. Tokko
lamaan itti himaan yeroosuma ka’ani balbala ba’anii Oleeradhan arrabsuu jalqabani silaa

85
dhimma isaani namnuu quba hin qabu ture. Harmeen Hilenaa garuu waan dhokatee turee ifatti
baasani arii irraan kan ka’e. Oleeraa itti mufatee achii deemee hin galle obsee taa’ee isaan eege.
Bu’aan qorannoo Hileenaa adda ba’ee dhufee. Ulfaa ji’a ja’aa ta’ee argame. Abbaan ishee
gaafasumaa kaasanii kununsii barbaachisuu godhamuufi akka qabuu taasisani. Oleeraanis
dhufee dhufee akka bira ooluu hayyamani. Harmeen Hilenaa yoo isa hin jaallannes Oleeraa
jaalallee isaa bira otuu hin ga’iin aduun hin dhiitee hin baritu. Bu’aan qorumsaa isaani dhufee.
Lammanuu qabxii seensaa yuniversitti argatanirru. Torbaan boodde immo ramaddin yuniveristi
isaaniif keenname. Waan nama dhibuu lamma isaaniyyu yuniversitti jimmaa isaan qaqqabee.
Hilenaa gosa barnootaa fayyaan Hilenaa immoo Injineringidhaan. Ulfii Hileena guddachaa waan
dhufeef mooraa dhaqu akka hin dandeenyee barameera. Isheen ergi deessee boodaa qarshiimaan
achumatti akka baratuu mirkana’e. Oleeraan garuu dhaquu qaba. Abbaan Hileenaa qabxiin
jaalalleefi egereen abbaa warraa intala isaani galmeessise isaan boonseera. Baasi barbaachisu
hunda gutaniifi gara mooraatti isa ergani. Achitti yeroodha yerootti Hileenaan akka maallaqa
ergituufi godhuu. Compiterri bitamuufi qaba jennaan Hilenaan abbaan ishee bitanii ergisisanifi.
Oleeraa mooraa yuniveristii jimmaa keessatti akka ilma dureessatti lakkaa’ama ilaalama.
Uffannaan isaa kaan irraa addadha. Bareedinni isaa silaa safuudha akka fardaa odolchaa itti ba’aa
dhufee. Shamarraan moorichaa bareeda isaa dinqisifatani kiyyoo jaalala isaani keessa isa galchuu
hin hawwina hamma qabu. Hileenaan cininsuun ishee qabe da’umsaaf hospitaala seente. Ijoolle
waan taatee daraan itti cimee amma lubbudhaan dabartutti geesse. Dhumarra hakiimoonni
lubbuu isheef waan sodaataniif baqaqsanii yaaluun akka deessu godhani. Mucaanis isheenis
lubbudhaan oolani. Wareegamni Hilenaan baaftee ciniinsuu irratti waan laayyoo hin turree.
Oleeraan bira jiraachuu dhabuun isaa immo waan ilaaltee jajjabaatu dhabdee mogolee ishee
buusee ture. Hileenaan ilmoo ishee qajjisi rifeensaa mataa isaa abbaa isaa Oleeraatti ba’e jette
fula isaa keessa ilaalte. Oleeraan akkum dahuu Hilenaa dhaga’ee hayyama fudhatee ishee
dubbisaaf gale. Hilenaa harka fuudhee
Maqaa isaa enyuu? jetten Hileekoo jedhen gaafateen.
Hilenaan otuma hin dhalatin waan moggasteefi fakkaata Jaalalaaf Oleeraa jette deebisteefi.
Moggaasa maqichaa jaallateera Oleeraa maalif akkas jette jedheen.
Yaadatta guyyaa xalayyaa naaf barreesite sana kan natti dhiyyaattefi jaalalaaf moo na gargaaruu
jette nan gaafanne. Isaaf deebiii akka ta’uufan Jaalaalaf jedhee moggaase jetten. Mormii hin
godhanne garaa guutudhaan moggaasa ishee jaallate fudhate.Torbaan boodde gara mooratti
deebi’e. Hilenaan olmaan ishee jaalalaaf waliin ta’e.Bara sana barnoota malee baate. Ganni
geenyaan Oleeraan dhufee isaan bira ture waggaa lammaffaf mooraati deebi’e haa ta’u iyyu
malee. Oleeraan waggaa lammaffaa boodde shammarran mooraa keessaan sakalamuu jalqabe.
Kukuleen babbareedota bakka bakka irraa walitti sassabamani dhufani. Yeroo barnootaan alatti
dhiqatani dibatan bareeda isaani ittumaayyu kulee waan mul’isuuf dargaggeessi isaan ilaalee hin
kajeelle hin jiru. Oleera immo akkasumaanu waan adamoo shamarrani keessa tureef haala
salphaan isa booji’ani. Shaakala inni guyyaa tokkichaa Hileenaa waliin qabuu irratti muuxannoo
bal’aa akkani horatu isa taasisan. Oleeraan tortoranii roobaa hin dheessaan waan jedhu fakkaata.
Shamarree babbareeduu abbaa arge waliin sagaagaluu jalqabdee. Jaalallee isaa ijoollumaa
jaalalaf jette wareegama qaalii isaaf jecha kaffalaa turtee dhadhaa ibidda buutee godhe biraa
gale.Haala isaa kana kan quba hin qabne Hilenaan Jaalalaaf kununsuuf jecha barnootatti osoo hin
deebi’iin jirti. Akka yaadaa isheetti Oleeraan ergi eebbifame booda waliin jiraachu yoo eegalan
barachuu turte. Oleeraan garu akkuma eebifame hojii jalqabeen galagalee Hilenaa ilaaluu dhiise.

86
Jijjiiramni amaala inni Hilenaatti agarsisa jiru kan jalqabeeru bubbulus sababuma hojiidhaan
seetee turte malee isheen. Amantee guddaa waan irraa qabduuf na gana jette yaaddes akeektees
hin beektu. Oleeraan ergi hojii jalqabee dhufee Hilenaas ta’e harmee isaa osoo dhufee hin
dubbisin bubbuleera. Harmeen isaa dhukkubsatani Hilenaan mana yaalaa gesitee yalchisaa jirti.
Dhibeen isaani daran itti hammaachaa deeme akka dhukkuba isaani irraa dandamachuu hin
dandeenye waan baratanis fakkaatu. Kanaaf ganamaa galgala ilma isaani waamu akka dhufee
isaan arguuf. Akka harmeen isaa dhukkubsachaa jiran itti himamuus Oleeraan achiin hin baane.
Hileen hojiitu itti baayyanna ta’a amma dhufa jette isaan jajjjabeesiti turte. Lubbuun du’a hin
ooltu harmeen Oleeraa otuu isaanif hin darbiin foonifi afuurri isaani yeroo dhumaaf gargar galte.
Oleeraan hospitaala keessa dhukkubsatoota osoo yaala jiru boqochuu harmee isaa dhaga’e.
Naasuudhan lafa lixu dhabe. Dadhabiin harmeen isaa isatti baasaa turte ija isaa dura dhufee
toora galee dhaabate gaabbii guddaan keessa isaatii burqe, waan godhe waan dhisuu wallaale.
Hojjetonni biroos isaa waliin konkolaata hospitaalichaan sirna awwaalcha harmee isaa irratti
argamuuf qajeelan. Reeffi harmee Oleeraa qe’ee Hilenaanfaatti kabajaan geeffamee sirna
awwalcha isaani rawwachuuf ilma isaani Oleeratu eegama jira. Oleeraan dhufee qaqqabee bo’e
washabbaree. Namoonni haala isheen itti guddiste waan beekani himimmaan qabachu dadhabani
akka finna isaaniti bo’uu. Hilenaan mi’aa harmee Oleeraa waan beektuf garrami koo giftikoo
jajjabeesitu koo nu gattere deemteere garaa jabaatere. Olee koo jechaa turtee harmeeko kunookaa
siif dhufeera Oleen kee mee ka’ii dubbisika. Dhufuu didee jetta harmee amma si dhufeeraa nagaa
isaa gaaffuka jette boosee nama boosiisti. Oleeraan harmee, harmee tokkotii koo abbaa male na
guddistee harmeekoo bakka abbaa naa buute harme, bakka haadha naa buute harmekoo, bakka
obboleessa obboleetti naa butee giftikoo, bakkeeti na gatee deemta harmeekoo otuu sin darbiin
dabarteere jedhe iyyee gadoodee boo’e mankaraare. Keessa keessa namonni dhufee yaalchisuu
dahdabuu isaa quba qaban muu boossee duute bada maa amma kanatti dursitee hin yaalchisin
jedhani ija tuffiin nisa ilaalu turani. Sirni awwalchaa harmee Oleeraa gaggeefame gaddaaf gara
mana Hilenaanfatti namoonni deebi’aa jiru.Ollaafi namoonni isaan beekan otuma mana ijaareefi
gaaf tokko keessa boqotanii du’aniru ta’e jedhani wal irraa fudhani odeessaa deemu. Maatiin
Hilenaa namoota sirna awwaalchaa irratti argamaniif haala gaariin akka keessummessamani
baasii barbaachisu hunda baasani qopheesaniru. Isaani mana ga’e xiqqoo turu. Konkolatan tokko
balbala isaani dhuftee dhabbate. Namoonni keessa baayyinnaan gara kudhanii ta’an uffata
guguraacha uffatani jiru bo’a mooraatti olseenan. Dubartiin magalli garaatti baattu tokko boosee
dhiisuu didde ya haadha Oleeraa, ya akkoo mucaakoo, maaf akkana ta’e dubiin ilmoo ilma
keessani otuu hin dhungatiin gaf tokko osoo hin baatin maaf karaa fageeffatani, Wayyo wayyoo
yaa amaatikoo walin barree wal hin agarre nagaan hafaa nagaan ta’a jette boosee kutuu
didde.Dubbiin wal keessa baabbaduu hin oolu. Oleeraan ka’e baduuf jedha. Akkamittin akka
dhuftetu isaaf galuu didee. Silaa hiriyyootaafi jaallatoota isaatu harmeen isaa boqochuu
dhaga’ani erga isaan karaa fageeffatani dhaga’ani kaanan hatii warraa isaas dukkaa dhufte.
Oleeraan hatii warraa isaa garaatti waan baattuuf da’umsa jala geesse waan jirtuu ishee dhisani
Oleeraaan manatti ishee dhiisee dhufuun isaa inni guddaan waan isheen garaatti baatuuf osoo hin
taane Hilenaan dubbicha akka hin dhageenye waan barabadeef ture. Hiriyyoonnifi jaallatoonni
isaa ammo dhimmicha waan hin beekneef ishee fudhani dhufuuf dirqamani. Oleeraan
shammarran mooraa keessatti bare keessa garaatti kan ishee hafee ture tokko lafaa inni itti hojii
jalqabe dhaqxee manatti itti gallaan waan godhuu waan hin qabne wajjiin jiraachuu eegalee. Kan
inni harmee isaas Hileenaa irraa baqateefi sababni inni guddaan tokko kana ture. Haala isaa kana
hojjettoni hospitaalicha quba kan qabu hin turre. Hilenaan boo’ichi haadha warraa Oleeraa bitaa
itti galee waan jettu wallalte abbaan harmeenifi olloota ishee hundaatu bitaa galera. Hilenaan

87
waan dhaga’aa jirtu amanuu dadhabde keessi ishee naasuudhaan dhaalame. Oleeraan lafa lixu
dhabee yookaan lafti baqaqee isa hin liqimsu yookaan samiin ol isa hin fudhatu. Harmee
Hilenaatu humnaan qabani gad ishee teesinani
Maal isaati ati? jedhani gaafatani. Boo’icha ishee irraa waan shakkan qabuufi akkasiin ishee
gaafachuuf dirqaman.
“Hadha warraa Oleeraati” jette.
“Maal” jedhani mataa qabatani lafa jirani utaalani ka’an. nu salphiseeraa gurbichi an durayyu
jedhere salphataan kun takka mucaa iddoo maleetti ishee cabse amma immo irratti fudhee na
badee bada anaati jedhani utalani ka’ani Oleeraa qabachuuf itti fiigani.
Haatii warraa Oleeraa waan isaa galuufi didee ija facaastee waan ta’aa jiru ilaalti waan isaa
wallaaltee.Namni hunduu ni na’e. Hilenaan boosee marattee qabaan dadhabee. Hadha manaa
Oleeraa takka morma qabdee hudhichaatin hafuura keessa baaste kan oolte harmeen Hilenaa
namni gidduu galee addaan baase. Hilenaan gaggabdee fudhanii manatti galchani bishaan itti
firfiraasaa jiru of wallaalte jennaan. Hiriyoonni Oleeraa waan ta’a jiru walii wallaalani hadha
warraa isaa fudhani mana gad baasani konkolaata keessa buusani. Hokkorii jalqabame ammayyu
hin qabbanoofne abbaan Hilenaa si’a isaan ol galanii shugguxii fudhatan namni hin agarre
Oleeratti addatti qabani isaani dhuksaaf jedhu jaarsi ollaa isaa harka irratti qabani samiitti asiin ol
irraa maksani. Rasaasni Oleeraaf akeekame qilleensa keessa balaliite. Sagaleen dhuukasaa
dhaga’amnan namni achii dhaabatu dhibe hundu baqa kana fakkaatu na kuti jedhe. Hileenaan of
baruu hin dandeenye hafuurri ishee ol malee gad deebi’uu didee. Jaalalaaf harmeen isaa yeroo
kuftuu waan argee boo’e dhiisu didee. Namni quba isa qabaates hin turree balbala jala dhaabatee
boo’a. Iji Oleeraa ilma isaa Jaalalaaf irra bu’e .Jaalalaaf irraa himimmaan isaa ilaalee garaan isa
boora’e asitti na ajjeesa jedhe lafatti of dha’e Uu! Uu! Uu! Jedhe. Abbaan Hilena gurbatti gadi
badii kana na narraa baasa na farreessuf deemti jedhani itti gafaramani. Lafaa isa kaasani
konkolaata keessa isaa buusani hiriyyoonni isaa fudhatani deemani. Lamuu lammata balbala
isaani akka hin ejjenne akeekachiisani. Hiriyyoonni isaa Oleeraa fudhatani gara lafa hojii
isaanitti deebi’ani. Hilenaan of bartuus qalbii isheetti deebu’uu hin dandeenye. Kunuunsaa ilma
ishee Jaalalaaf gootu ille gochuufi dadhabdee callistee himimmaan harcaasaa ija keessa iasa
ilaalti. Halli ishe kun yaaddessa waan ta’e hospitaala galtee akka yaalamtuuf mana geeffamte.
Hilenaan achii baddee daandiitti baate na reebuu jalqabde. Maraatummaan dhaalamte.
Keessuuma dargaggeessa dhagaadhaan ariitee biraa hin haftu. Budaa Oleeraa Budaa Oleeraa
Budaa jechaa magaalaa keessa figuu jalqabde. Maraatumaan Hilenaa kan inni itti hammatuu
dargaggeessa yeroo argitu. Oleeraan waan godhee boqonna isa dhowwannan summii of
waraanee of galaafate. Jaalalaaf akkasitti abbaafi hadha malee qophummaan bakkeetti hafee.
Cortuun himimmaan ishee maddiisheera dhanagala’aa jiru harka tokko ofirraa haxaawwatte
“argite miti gara jabina dhiiraa otuu isheen akkasitti isa jaallattuu waan inni ishee godhe” jetten.
Imaanaan baayyee nama gaddisisaa dhugaa Cortuu koo “Kunoo akkasi jaalalli yeroo isaaf bakka
isaa hin eegganne gatii inni nama kanfachiisu” jedhe. Dhugaa dhiiraaf garaa nama kuta jettee
Cortuun harkaa fuute. Dhirri bineensaa jette itti dabaltees. Cortuu akka sana osoo hin taanee
dhirris ta’e shammarris dadhabinaa mataa mataa isaani ni qabaatu. Garuu dhiira hundumaatu
akkasi yookaan durba hundumaatu akkasi jennee murteessun ni ulfaata sababni isaas nama
keessa namni jira. Wantoota akkasiif immoo sababni guddaan maali yoo jette jaalala yeroo hin
eeggannedha. Akkuma macaafni qulquluun wanti hundumtuu yeroo qaba jedhu. Dhalachuun

88
yeroo qabaa, Guddachuun yeroo qabaa, du’uun yeroo qaba, barachuun yeroo qaba, barsiisuun
yeroo qaba, Nyaachuun yeroo qaba, hojjechuun yeroo qaba, boqochuun yeroo qaba, wanti
hundumtuu lafa kana irra jiru yeroon isaaf kennameeru kan mataa mataa isaa qaba. Akka naaf
gale akkan hubadheeti Cortuu jedhe Imaanaa gara ishee ilaalee harka ishee lamaanin maddii
ishee qabatte isa dhaggeefataa jirti gurra qeensite. Wanti hunduu yeroo qaba ergaa jedhuu of
keessa qaba jedheen amana. Maaliif jennaan Oleeraafi Hilenaa umuriin isaani jaalalaaf ga’uu
dadhabee osoo hin taane garuu fudhaaf ga’oo hin turree. Jaalala keessa immoo mirri jira. Of
abboomtee of moote yeroo isaatti akka ta’u hin gootu taanan immoo gatii inni nama baasisuu
salphaa miti. Haala isaani lamman yeroo ilaalan waan haaduunu gargar isaan baasuu hin
fakkaatu ture garuu yoomessa isaa waan hin eeganneef kunoo qilee jaalalli isaani seenee ialaaluu
dandeessa. Otuu akka yaadaa koo ta’e yoo hagam wal jaallatanuu dogoggora hamma kanaa
keessa akka hin seenneef duraan dursanii of eegachuu qabu turen jedha. An akkan ofii koo
amanutti Cortuu koo amma anaaf yeroon kun yeroo barnootaati barachuu dubbisuu beekumsa
horachuun qaba. Ergiin kana hundaa harkaan ga’adhee immoo gulantaa itti aantuna darba
jedheen yaada. Yeroo isaa malee waa jalqabuun wareegama inni nama baasisuu laayyoo miti
dhugaa dubbachuuf. Filmiin kun kan inni nu barsiisuufi nuyiis akkasitti wal jaallanne jaalala
akka Oleeraafi Hilenaa nama hawwisisuu irra darbee nama hin hinaafsisuu sana akka goonuuf
osoo hin taanee boobii isaa akka kan isaani kana gaabbii ta’uu akka danda’uu na barsiisuu
barbaadeeti. Beekkanneen immoo yoo jalaa bahanidha. Kanaafuu filmiin kun barumsaa guddaa
of keessa qaba jedheen yaada akka hubannaa kootti jedhe Imaanaan Cortuudhaa. Cortuu harkaa
fuute dhiisi dhugaa dhiruma amanuun hin ta’u jette. Lakki Cortuu akkas hin jedhiin durba
amanuunis hin ta’u jedhe wal falmuu jalaqabani. Lammanuu kan isaani isaanif falmachaa jiru.
Kana giduudhan Imaanaan yeroo ilaalee sa’atiin jaha ta’uufi barnooti nutti ga’ee jedhen. Cortuun
daddaftee galtee ittoo ho’istee waliin nyaatani mana barumsaa deemani.
Imaanaan galgala galgala qarshiidhaan barnoota dabalataa barachaa waan jalqabeef carraan akka
durii Cortuu waliin turanii taphachuu dhiphateera. Guyyaa mana barumsaa oolee ammas deebi’e
galgala keessaa sa’ati kudha lamaa kaasee hanga halkan keessaa sa’ati lamaatti deebi’e manatti
hin deebi’u. Galgaloonni inni mana barumsaa hin deemne yoo jiraatan guyyota boqonnaa
lammanifi Kibxata yokaan facaasaa, yokaan bal’oo, yokaan gabaa horroo, yokaan dar’oo,
yokaan hojjaa lammee ture. Sanbanniifi dilbanni guyyaa barnootaa miti kibxati ammoo sagantaa
waaqeeffannatu waldaa warra wangeelaa Makane Yesus Abbaa Gammachisaa waan jiruuf achii
dhaquuf ture. Imaanaafi Cortuu yeroo mara saganticha irratti argamu.Cortuun garee daa’immanii
keessaa faarfatti. Imaanaan ammoo gurmuu faarfatootaa dibooraa keessaa faarfata. Akkasumaa
gurmuu faarfatoota faarfannaa dursan keessaa tokko ture. Imaanaaafi Cortuun waaqeffannaan
oguu xumuramu wal gara mana isaanitti galu.
Barri barnootaa 2006 xumuramuuf torbanoota muraasatu hafeera.Kitaaboleen baranootaa
golabamuuf jedhu. Baratoonni mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Hurrumuuti baratan ijoollee
oromoo fakkaata wal gurmeessani marii jalqabani. Akkuma guutummaa Oromiyaatti sosochii
babal’aatu gaggeeffamaa jira. Barrii itti aanuu 2007 amma bara filannoon biyyaalessa itti
gaggeeffamuu waan ta’eef diddaan garbumaa bakkaa bakkattin haala gaariitin qabsiifmaa jira.
Qeerroof qarreen Hurrumuu marii isaani irratti waliif galanii ejjennoo tokko irra ga’ani. Innis
sababootaa addaa addaan bitteedhanis haa kennaadhaan lafa abbaan isaan buna irra dhabee
amma garuu abbuuman isaani kan nama biraa ta’ee ormii itti fayyadamaa jiru deebisani abbaa
qabeenyaaf galchisisuu ture. Kunis godaantonni naannoolee biroo irraa gara sana dhufani qotee
bultootaa dhugaatidhaan gowwomsani lafa irraa bitani amma itti fayyadamaa jiran. Oromoon

89
qe’ee abbaa isaa lafa abbaa isaa irratti beela’aa fi dheebochaa jiraachuu hin qabu dhaadannoo
jedhuun gara tarkaanfii barbaachisuuttu darbamuu akka qabamuu walli galame. Kunis akka
seeraa biyya kanatti lafatti gurguramuu hin danda’uu waan jedhuuf waan lafa sana irra jiru cirree
balleesine lafatti abbaa lafaaf deebi’a yaada jedhuun qeerroon Hurrummu gandoota akka
waangeenye Sonxaa, Goljoo, Haroo, Ulumaayya,Toommaa Yoobiifi Mattu Meecii fi kanneen
biroo halkan tokkotti hundee bunaa ciranii lafa naquu jalqabani. Akkanuma illee bonee qotee
bulaan oromoo saba biraatti qixxee kan kenneeru yoo ta’e walakka cirani walakka dhisuu turani.
Kunis kan ta’uufi danda’eefi kayyoon isaani ifaa ifaatti mul’achuu waan barbaadaniif turani.
Gochii kun jalqabamee osoo olee hin buliin dhimmichi wajjira nageenya aanaa Hurrumuu biraan
ga’ame. Qabsoon jalqabame garuu hin dhaabbanne ture walkaan dargaggeessa fakkaatan wal
walitti bilbilee hirribaa wal kaasee gajaraafi gajamoo fudhatte tarkaanfii isaa itti fufee.Dubbichi
jabaachaa adeeme qaamni mootummaa gidduu galuuf dirqame. Kaanis dargagootaa Oromoo
guranii mana hidhaatti naquu jalqabani. Waan nama dhibuu halkan namni itti ba’ee enyuu akka
cire namni quba qabu hin turree warreen tarkaanfichaa fudhachuu irraatti argaman male.Garuu
shakkiin isaani qeerroomatu akkas godha jedhani waan yaadaniif isaan qabuu eegalani. Manni
sirreessaa anaa Hurrumuu namoota baayye qabachuu waan hin dandeenyeef gara mana sirreessaa
Bushaarii magaalaa mattuutti argamuutti geeffamani. Sababa kanaan hiriyyaan Imaanaa gandaa
toommaa yoobii jiraatu Samu’eel qabamee mana sirreessa anaa hurrummutti hidhaamee jira.
Reebichiifi dararamni isaan irraa ga’e waan akka qoosaatti dubbatamee bira darbamuu miti. Kun
kanaan potuu jiru qormaanni seemisteera lammaffaa jalqabame. Sam’ueel polisiidhaan ajjabame
akka qorumsicha fudhatu abbaan halangaa aanaa Hurrumuu murteesse. Ganama ganama
polisiidhaan ajjabamee qormaataaf dhiyyaata oqrumsaan booda gara mana sirreessatti deebi’a
Saamu’eel. Kun kanaan osoo jiru qormaanni xumuramee Imaanaanis qorumsaa ba’e hiriyyaa
dhaqee dubbisaaf gara mana sirreessaa aanaa huruumuu qe’ee obbo Angaasuu keessa balbala
karaa gadiin ba’ee deemaa jira. Annisaan wasilli Imaanaa Imaanaa to’annoo jala ooluu akka
qabu abbaan halangaa ajaja baasee akka jiru oduu namoota irraa gurra isa bunaan Imaanatti
bilbilee. Imaanaan akkuma siyileenti irra gudhee jirutti bilbilli isaa waan jriuuf isanni bilbiluuf
hin agarree ture. Ammas irra deddebi’e bilbilee homaa Imaanan kaasuu hin dandeenye.
Dhummarra waan gochaa gaafa dhabu Annisaan biroodha ba’e gara manaatti qajeele. Mana ga’e
Imaanaan hin galee jedhee Guuttuudhaan gaafate. Galee ture amma dhaqeen hiriyyaa koo tokko
dubbisaa mana sirreessaa jira jedhee ba’e jette deebifteefi. Annisaa dugdaa isaattu lamatti isa cite
dhaqee harka bu’e jedhe. Rifaatuu isaa argitee Guuttuun maaliidha waan isaa jette gaafatte.
Imaanaan to’annaa jala akka ooluuf abbaan halangaa ajaja keenne ture jedhani isaa barbaada jiru
inni immoo dhaqee harka bu’uuf deema jedhe. Otuu isaa kana afaan irraa dubbatani hin fixiin
polisonni sadii lama qawwee batani tokko qawwee malee dhufani manaan ba’ani. Imaanaan
dhaqee wajjira mana sirreessa fullee dhaabachaa jira.Kana gidduudhaan bilbila isaa fudhee gaafa
Annisaan wasillii isaa al kudhaan bilbilee ture. Yeroosuma deebisee bilbileef amma kana dafii
koottu kan jedhuu qofaa ajaja inni kenneefi. Imaanaan asiis achiis hin jenne ofirra deebi’e gale.
Isaa balbala karra gadii banatu polisoonni karra oliin mooraa keessa ba’a jiraachuu isaani liphii
isaani argee ture Imaanaa. Maal barbaacha akka dhufani garuu waan quba qabu hin qabu ture.
Imaanadha dhaqee mana ga’u Annisaa uffata isaa dadachaasee korojootti isaa naqaa jira.
Imaanaa waan isaa galuufi didee
“Mayinni obboo maal gochaa jirtaa?” jedhe gaaffii dhiyyeessefi

90
Annisaa dubbicha itti himuu hin barbaannee ture. Boor Naqamteen waanin deemuuf biyyaa galta
amma achitti waliin deemna jedhen har’a galagala kana mattuu deemne Wasilota kee garitti jette
nagaa itti dhamtee deemta jedheeni jedhe.
Maal rakkoo qabaree ati yoo boor deemte ani uffata koos michadhee suuta jedhee qophaa koo
deemuu nan danda’a jedhe.
Waawuu amma deemnu male jedhe isa waan dirqamsiisaani Imaanaan deemuuf dirqame.
Wasilonni Imaanaa lamman Mijeessafi Ittaanaan magaala mattu dirree kubbaa milaa hambaa
duddubaan boor tekinikitti mooraa tokko keessatti mana jireenyaa mataa mataa isaani ijaarratanii
jiraatu. Annisaafi Imaanaa achi ga’ani achi bulani borumtaasaa ganama obboroodhaan Annisaan
buufata konkolaata geesse konkolaata beddelle qabsiisee ofiisaa Hurrumuu ga’e biraa bu’e.
Amma maaliif akka galaa jiru bareeraa Imaananis wanti garaa isa nyaacha jiru Cortuufi hiriyyaa
isaa mana sirreessaa jirutti nagaa dhaammachuu dhabuu isaati. Cortuun ammaa amma dhuftee
Imaanaa gaafachaa turtus deebiin isheen argachaa turtee ergaa dhaqeera amma dhufaadha malee
akka biyyaa galee namni itti hime hin turre.Cortuun kaleessa Imaanaa hin argiin waan oolteef
ganamaan kaatee Imaanaa barbaacha mana isaanitiin baate garuu deebiin isheen argatte baayyee
ishee rifachiise. Imaanaan gara biyyaa gale jette Guuttuun. Cortuun baayyee artee manatti
oldeebitee akkam nagaatti osoo nan hin jedhiin deema jette boossee.
Harmeen ishee maal taatee Cortuu koo jedhani gaafatan.
Ofirratti barsiisuu hin sababa biraa itti himtee jala miqxee. Xiqqo turtee “harmee Imaanaan biyya
galeem” jetten
“Yoom galee? malii kaleessa jira miti?”jedhani addee Garuummeen harmeen Cortuu.
Anoo hin beekuu kaleessa al meeqa deeme isa gaafannaan ergaa dhaqeera naan jedhanii turani
har’a immoo Guuttun innoo biyya galee nan jetteen
Afachuu mee nan bibilaaafi jedhani addee Gaarummeen bibila isaani ol fudhatani bahuufi
dinnaan minjaala irra ka’ani .
Imaanaa magaala beddelle ga’e konkolaata naqamtee qabatee dandii jalqabeera. Akkuma
magaala beddellee keessa ba’anii jiru. Bishaan dhidheessan dachaa keessatti asiin gadee ni
mul’ata mandara sabaa sabbatti otuu hin ga’iin. Konkolaachisaa Imaanaaf bibilli
bilbilamee.Dandii dhidheessa citee wan jiruu karaan cee’umsa hin jiru kanaaf karaa biraa
naanna’ii jedhani itti himan.Fallli inni qabus dadii laga dhidheessatti geessu sana dhiisee karaa
aanaa cawwaaqaa geessu qabatee qajeele. Imaltoonni dandiicha akka gaaritti beekani maalif
asiin gortani jedhani gargaaraa konkolaachisaa gaafannan dandiin cinnaan asiin gorree jedhani.
Imaanaaf bilbilli bilbilame. Fudhee yoo ilaaluu lakkobsaa bibilaa harmee Cortuuti.
Imaanaa bibila kaasee Heloo Gaarummee jedhe.
Deebisii naaf bilbili ana Cortuudha jette cufte.Cortuun harmeen ishee bilbilaa minjaala irra
akkuma kaa’anitti irraanfatanii biroo deemani.Imaanaatti gammachuu guddaa tokkotu itti
dhaga’ame sagalee Cortuu dhaga’uu isaatti. Imaanaan Cortuutti nagaa otuu hin dhaamiin deemuu
haa turuu nagaa itti dhaammateeyyuu irraa adda ba’uun baayyee isa rakkisaa waan gochaa waan
dhabuuf malee. Otuu ishee hin argiiin oolee buluun baayyee itti hammata. Cortuunis akkasuma
isa hin argiin oollan halkanuu hiribi ija isheetti hin dhufu.Deebisee bilbilaafi jira Cortuuf bibilaa

91
isaa guratti qabatee jira. Amma moo amma waamaa ega qalbiin, kana gidduudhaan sagaleeen
“ye dewwelelachewu denbenya ahun maginyet aychilum ibakowu indegena malisewu yidewiluu”
jette.Hic jedhe ammas irra deebi’ee yaale akkuma duraa jetti ammasi. Cortuun tesse amma moo
amma bibilaa Imaanaa eegaa jirti. Teesse eegde eegde maaf hin bilbiluu jetti of keessatti. Ka’e
ofima koo bilbiluuf jette deebiftemmo qarshiin keessa yoo dhumee eenyuttan bilbile jedha
harmeedhan jette sodaatte dhiiste. Durumayyu kan isheen dibisii bilbili jettef akka irratti hin
baramnee waan barbaaduuf turte Cortuun. Otuu Cortuu abdii kutatte taa’a jirtu bilbilli iyyinaan
figde dhaqxee kaastee
“Heeloo Imaanaa” jette
Akkam jirtuu Addee Gaarummee Biroo Qonnaa Aanaa Hurrumuu irraan siiniif bilbilaa” deebii
jedhutu Cortuutti dhaga’ame.
Ni rifatte isheen eenyuu akka bilblee addaan hin baafanne Imaanamatu bilbilee seetee kaaste
male. Dhumarra mucaa isheetti bilbila manatti irranfatte deemteetti jettee deebifteefi otuun
naasuudhaan sagaleen ishee addan cicituu.
Imaanaa immo bilbilaan “yee dewelelachewu denbenya mesmerun iyetenegagerubet sile honee
xinish xebiqewu yidewilu” jette.Cortuun rufaatu irraan kan ka’e laphen ishee raafama jira.
Kanumma irraa kan ka’e bilbilicha cuftees (switch off ) gootee jirti. Imaanaan ammas takka
obsee yoo bilbilu amma immo tasumaayyu cufaadha jedha. Cortuun takka teessee teessee akka
fedhe haa ta’u nan bibilaafi jette bilbila cuftee turtee banatte bilbiluu.. dhiisuu.. bilbiluu..dhiisuu
osoo jechaa jirtuu Imaanaan bilbibleefi
Heloo Imaanaa jette
Heloo Cortuu koo akkami jedhe
Nagaadha. Ni deemteyi Imaanaa jette sagalee marartoo bo’uu boo’uu geessu tokkoon.
Eyyeen Cortuukoo nan deeme jedheen.
Maaliga nagaattilee naan hin jettu turtee dhugaa rabbi jette. Sagalee ishee namni dhaggeefateef
waan bo’a hasa’aa jirtu namatti fakkaata.
Cortuukoo akkuma qormaata galeen Obboon koo Annisaan boor deemuu qabda Polisiidhaan
barbaadamaa jirti kanaaf amma beenuu mattu bullee ganaman si gaggeessa naan jedhee na
gaggeesse. Malee anoo dafee galuuyyu hin barbaannen turee Cortuu koo jedhe. Isaas garaan isa
roorra’eera. Sagaleen jara laammanuu waal mararteedhaan walitti haasa’aa jiru. Yeroon deemuuf
jedhuu immo ati mana hin turree safara addaraasha deemteetta natti fakkaata. Achii dhufuu
immoo nan sodaadhe dingata achitti na argatu ta’a jedhe. Kanaafinni malee Cortuu koo si
dhokadhee galuu barbaadee miti jedhe. Dhugaa Cortuukoo akkam akka na jibbisiise sitti himuu
hin danda’uu otuu sin argiin deemuun koo jedhe.
Anis dhugaa bayyee na jibbisiisee amma amma manaa gadi hin baanee jette.
Dhisi dhugaa Cortuu maal akkan godhu wallaale malee garitti otuu sin hin jedhiin galuun narra
hin turree jedhe.
Rakkoo hin qabu innoo. Yoom deebita moo jetteen

92
Ganna kana maatimaa biratti dabarseen fulbaanuma irraatan dhufa yogguu barnoonni egaluu,
jedhe.
“Tole. Anif harmeenis finfinnee mana adaadaa deemna jetteeti harmeen boqonnaa hojii irraa yoo
fudhatte.
Tole. Akkas taanan gaaridhayyu achii deemuu siif wayya jedhe. Gaarummeetti nagaa koo naaf
dhaami jedhe
Himbii ofiima kee bilbiliifi male galgala amma immo isaaf bilbilaa turte jette yoo na
dheekkamteeho jette.
Tole jedhe nagaa walitti dhaamani bilbilaa cufatani.
Cortuun amma qalbiin ishee waan tasgabba’e fakkaata. Isheedhaa mana ba’e gara safara
addarasha deemuf jettu barsiistuu Obseen argani ofitii waamani. Imaanaan gallaan si jibbisiisee
miti jette itti qooste. Cortuunis Imaananis ofirratti barsiisuu hin fedhan malee haala isaani kana
barsiistuu Obseen ija shakkiin ilaaluu ergi jalqabdee bubbulteetti.
Imaanaan Naqamteen ga’e laaqana nyaate deemsa isaa gara magaala shaambuu itti fufeera.
Deemsaa sa’atii muraasaan boodaa lafa sursuraa’u magaala shaambuu ga’ani. Konkolaataan
shambuu irraa Saqalaas ta’e Jaartee deemuu tokkoyyuu hin jiru bahee dhumeera. Imaanaa
achuma magaala shaambuu hootela Naa’ol fullee adda baaba’ii sidaa Abishee Garbaatti argamuu
siree qabatee buluuf dirqame.
*****************************************************************************
*
Ijaaraan ergi Nadhiidhaan laga baaburaatti argee hordofiin isaa ishee waliin bu’ee ba’uudha.
Nadhiitti dhiyyaate carraa ishee haasobsiisuu dhabuus waan guddaa tokko adda baafatee jira.
Innis Danuufi Nadhiin firooma qabaachuu isaani kan inni adda baafate bubbuleera. Nadhiin akka
inni isa hordofaa jiru ni beekti garuu Danuudhaan isa bakka buusuu hin barbaaddu male.
Keessuma akka isheen fedha hin qabaanne baree humnaan dirqamsiisee ishee akka isheen isa
haasobsiitu gochuu dhiisuu isaa baayye jaaallati. Ijaaraan gabaa saqalaa keessatti ishee
barbaadee nagaa ishee gaafachuuf yoo jedhu ille harkuma qabatte bira darbiti malee dhaabatee
isaa hin haasobsiitu. Akka dargaggoota kaani innis humnaan qabee, harka micciree, shaarbii irraa
fudhee dhabachiise ishee hasobsiisuu hin yaaluu ture. Kabaja guddaa isheetti agarsiisa. Kun
immoo Nadhii ilaalcha gaarii akka isaaf qabaattu gochaa dhufeera. Nadhiifi Danuun fira ta’uu
isaani akkuma wal baraniin tokko lamaan akka ishee jaallatee jiru itti hime Ijaaraan. Nadhiin
akka durii jalaa callisuu hin feene marii’adheen sitti hima jette. Danuu waliin gabaadha otuu
galanii wal argani gurra isa buuste. Danuunis haa ta’u jedhe haalafi amala Ijaaaraa qoratanii
boodaa. Jaallalleewwan ta’anii waliin jiraachuu eegalani. Dhumarraa maatinis baree Ijaaraan
jaarsaa ergee Nadhii waliin bultii ijaarrataani waliin jiraachuu eegalani.
Danuun Horro biyya abbaa isaatti gale abdiin inni barnootaaf qabu waan jalaa dukkanaa’eef
hunda dhiisee daldalatti jalqabee. Wantoota adda addaa gabaa irraa gabaatti darbee deemee
gurguraa. Karameella, shittoo, Saamunaafi wantoota bira dabalate. Abbaan isaa Obbo Dagaagaan
Danuun akka fuudhee qabeenya isaani dhaalee abbumman gaggeessu barbaadaa jiru. Umuriin
isaani gara dullumaatti deemaa waan jiruuf. Danuun garuu fuudhaaf feedha hin qabu ture.
Sababni isaas dorgommii figichaa magaala Naqamtee irratti waan injifateef itti fufee mana leenjii

93
galee akka shaakala taasisuu waadaan galameefi ture. Radiyoofi xalayyaan sin beeksisna jedhanii
waan turani gaashaan isaan eegaa jira. Garuu jijjirraan aangoo mootummaa dargiifi wayyaanee
gidduutti waan taasifameef waamichi Danuudhaaf taasifamu achumaan dagatamee ture. Danuun
garuu ammayyu har’amoo boor na waamuu abdiidhaan eegachaa jira. Kani inni fuudha diduufi
yoon fuudhee bultii ijaare dandeetiin figicha koos gad bu’a kana malees akka mana leenjii hin
galleef danqaa batti ta’uu danda’a jedhee waan sodaateef tureef. Obboo Dagaagaan michuu
isaani baddaa yaantoo obboo shanyii Guddataa waliin gabaa saqalaa otuu deemaa jirani mana
obboo Dagagaafaa garraa kattaa birruutti wal argani. Lammanuu farda isaani irra bu’anii
saggarsisaa deemuu. Obbo Dagaagaan akka qoosaa jaallatu
Ilma tokko fuudha ga’e tokkon manaa qaba ka’ee isa fuusifadhuu ta’a kana boodaa maal gaasha
qabna dullumni qaata dhufee mataa nu yaabee jedhani.Obbo Sanyiin harkaa fuudhani egetanaa
akkasuma wayya malee jedhani. Akkami ati durba hin geesifanne jedhani qoosaa fakkeessani.
Obbo Sanyiin geesifadheera jedhani akka dubbiin gara isaanitti deemaa jirtu quba hin qabaanne.
“Marree akkas taanan soddomneka” jedhani obbo Dagaagaan.
“Haraqeen koddaatti hafee firoomnni soddaatti hafee jedhu mitiree?” jedhani obbo Sanyiin
makmaakani dubbii obbo jiraata bareechaniifi. Akkasiin otuu qoosani gabaa Saqalaa ga’anii
waliin dhimma dhimma isaani xumurani mana daadhii seenani daadhii isaan birilleedhaan
dhugaa turani galgala keessa farda isaani irra bu’ani qajeelani. Obbo Sanyiin farda isaani
magaala odolcha dheeraa Biishaa jedhamuu irra bu’ani obbo Dagaagaan ammoo sangaa fardaa
isaani adii Dasoo yabbatani qajeelani. Lamman isaaniyyu dhugaatiidhaan bayyee waan of
wallalan miti xiquma shurshur jedhaniiru. Abbaan Danuu obbo Dagaagaan akka Obbo Sanyiin
durba geessuu qaban waan mirkaneeffatanii dudubaan haala amala ishee qorachuu jalqabani.
Dubdeebii gaarii waan odeeffataniif garaan isaani jaallateera. Danuu ofitti waamani akkas
jedhani. “ Yaa ilmako kunoo anis kana booda gara dullumaati akka durii gabaa irra gabaatti
darbanii daldaluun hin jiru. Duratti asiin amma kiramuu, giddaa, amuruutti deemeera, asii
bakkoon naqamteen nan hafnee shagariin dabalate amma immo isuma argitu kana dullumni
dhufee. Kana booda sin fuusisee ilmoo baadhee dhungadhe guddisuu qoa kan na hafuu. Atis
fuudha geesse galata rabbi malee mucaa amal qabeetti tokko siif argeera ishee si dubbanne si
fusinaa jedheetani jedhani qalbiidhaan gadi taa’ani ilma isaani Danuudhan. Danuu ammatti
fudhuu akka hin feene ibsuufi yaallan isa mormuu hin feene. Tooftaa biraa uumuu filatani. “Innis
gaariidha isaammo mee hundumaafu itti yaadi. Mucayyoon an sin jedhu kun yaantodha biyyi
isaani abbaa ishee waliin michuu akkamiti, warra guddaadha warra Guddata Bokkee,Bokkee
Gooroo jedhamu jedhani akka tasaa yoo adamoo adamsuu bosona wallee deematani arguu
dandeessa yoo isheen bishaan waraabuu dhuftef akka carraa, hundumaafu qalbiidhaan qabaadhu”
jedhani biraa deebi’ani.
Danuun dubbii dhaga’e garaatti qabateera. Akkuma amala isaani adamoo adamsuuf adamsituun
gamaa gamana cookee wal wal maamee gara bosona gumgumiitti wal sassabe. Bosona gumgum
keessaa amma adamsaan adamsaani qandeen bosonuu kattaa jala cisaa ture saroonni Danuun
guddisee adamoo barsiifatee kaachisani. Qandeen bosonuu kun adamsistoon asiif asiin otuu
eeboo itti falfalanii sila kutee qajeele. Bosona keessa akkuma ba’een karaa mana abbaa Shaggaa
gooree haroo yaantootti ol ba’e. Adamsiitoonni fanaa cookaa qajeelani. Danuun duratuu figichaa
yoo ta’e fardii fincaani isaa hin qaqqabu dukka bu’e ba’e. Adamsitoon kallatuumaan dhaqee
bosona Walleetti akka qandeen bosonuu sun seenuu shakkee hin godhanne. Garuu qandichii
bosona walleetti seenuu dhiisee mudhii haadha darree qaxxaamuree dandii lafoo bosona asattiitti

94
geessuu qabatee qajeele. Cookaa namoota dhaga’anii saroonni qe’ee obbo Sanyiitti gudddatan
qee’e keessa gad yaa’ani. Qandeen boosonuu akka wayii falfalamaa deemu arganii mataa maruuf
qajeelan. Danuun adamsitooa kaan dursee bosonichi irraa fagaatus isa hordofaa jira. Bosonichaa
dhaqee bosona bishaan yaldeessaatti seenuuf jedhu saroonni mataa maranii turan lufii itti ba’ani
yoona kana kan qandichii ofirraa deebi’uuf dirqame. Arii’anii Danuutti fidaani. Danuun
kombolcha mudhii haadha darree jira jala riphee eeggate. Kobbaa afaaniif funyaanin darbaachaa
deema bosonichi dhufee Danuu biraa ba’e yoona kana Danuun ofirra jilbeeffate takka itti
aggamee lammaffaa irratti bakar isaa bosonuu qixxa lamaan baasee. Boosonicha gatantaree
lafattii daa’amee. Achii ammas akkuma isaatti lubbuun waxabachuu hin dhiistu achii ka’e gara
goodaa fardaatti qajeele. Danuun faana bu’e. Shamarreen Okkotee bishaani dugdati baattatte
bishaan waraabachuuf deemaa jirtuu qarree irraa dhabbate do’ii kana daawwataa jirti. Danuun
yeroo inni akka billaachaa kaate faana fiigee bu’u isa dinqisifachuun ishee waan hin oolledha.
Danuun bosonicha kana caalaa akka humna hin qbne waan mirkaneeffate fakkaata eeboosaa
lammaffa fuudhee hodhaa itti godhee yo kana bosonichii akka re’ee qalmaaf qopheefte kan inni
mar’ate. Saroonni gugurroon lamaa bosoinchaa mataa maranii figsaa fidan ammayyu waliin tura.
Qandeen bosonichaa kana caala milkuuf yaaluu hin dandeenye garuu amma Danuun cuphee isaa
mudhirraa hikkatee morma kututti waxabachuun isaa waan hin ooleedha. Akka heeraafi seera
adamsituutti hunduu ga’ee ga’ee isaa qaqqabate. Lukti mirgaa kan abbaa mirgaa Danuu ta’e.
Qabiyyeen harka bitaafi mirgaas baramee. Qoodii saroota sanaas kabajamee. lammeessan ilmi
obbo Sanyii adamsitoota keessaa tokko waan tureef qooda argate eeboo isaatti diratee qajeele
gara manaaatti. Mannii isaani achumaa goodaa fardaa gararraadha. Danuun figaa waan tureef
bishaan akka malee dheeboteera. Shamarree okkotee baatee bishaan waraabachuuf deemaa turte
sana argee waan turref garaa isheetti qajeele bishaan dhuguuf. Mudhii ishe hidhatte jirti akka
ba’aa bishaaniif isheef mijatuutti. Danuun dhaqee bira ga’e. “Mee bishaan naf budduqsimee”
jedhen. Toles himbiis hin jenne callisteema bishaan budduqsitee itti hiixatte. Harkaa fuudhee
dhudha’ee. Ammaas naa dabali jedhe. Dablteefi isaas hafuura tokkon dhudha’ee fixee.
Galatoomi jedhe qodaa ishee itti hixateefi. Rakkoo hin qabu jette. Wal haa barruu Danuun
jedhama jedheen. Calistee bishaan ishee budduqsitee okkotee naquu eegalte.
“Maqaa natti hin himtuu?” jedhe.
“Maal godhatta maqaa koo’ jetten.
‘Uumeedha’ jetten.
‘Uumee eenyuu?”
‘Maal godhata” jette garaa isaa ilaaltee garuu ija keessa isa ilaaluu dadhabdee lafa ilaalte.
“Firaa yoo taaneef jedheetani jedhe.
Uumeen lammataa deebisuufu hin feene jalaa callistee.
Ijoolle durbaa xixiqoo doochootti dochootti bishaan dugdatti baatani jiranitti siqee.
“Ijoollaa’ jedhe.
Kolfaa gadhiisani. Maal taatani kolfitu jedhee gaafate. Ittumaa yyu kan caaluu kolfani. Uumeen
otuu hattee hattee isa ilaaltuu bishaan afaan okkotee bira dabarsitee lafatti naqaa jirti. Silaa
ijoolleenis kana arganiiti kan isaan kolfaa jiranifi. Danuun hin agarree malee. Uumeen kan

95
eenyutti jedhee ijolle sossobee gaafate. Kan Sanyii jedhani itti himani. Amma kanatti Uumeen
bishaan okkoteetti warrabdee guuchifteetti. Isheedha dugdatti baattachuuf jedhu Danuun dhagee
ol fuudhee dugdarratti ishee baachisee. Galatoomii jetteen lafa ilaalaa otuu hafurri ishee cicituu.
Maal akka ishee xuqee hin barree Uumeen. Keessuma isanii sila Kormaa bosonuu waliin bu’e
ba’ee fiigaa ture isa dinqisiifachaa waan turteef itti dhiyyaatte arguun ishee immo ishee
gammachiiseera. Danuun otuu takka dhaabbatte isa waliin hasofttee ni barbaadaa ture garuu
carraa hin arganne male. Uumeen yeroo mana geessu obboleessi ishee lammeessan foon
bosonuu fidee dhufeera. Ittoo isaa hojjeettefi dargaggoonni walitti qabamani nyaachuu eegalani.
Obbo Sanyiinis akkuma obboo Dagaagaa ijjoollotaa dhiiraa sadii jalqabarra walitti aansee
godhate. Inni jalqabaa Daandii kan lammaffa lammeessa sadaffaan Tolii turan. Dandii bara
dargii kutaa sagal keessaa qabamee dulatti ergamee lubbuu isaa waqxii hin balleessin nagaadhan
biyyatti deebi’e intala warra ganjii qalaada gujiitti dhalattee guddate fudhee ishee waliin jireenya
eegaleera. Lammeessaan immoo ergani dulaa deemee anis hin baradhu isa malee jedhee dhiisee
daldalaatti deebi’e. Tolii qalluun irratti dhallannan qee’etti deebi’uuf dirqameera. Danuun
mucaan abbaa isaa itti himaan Uumee akka taatee mirkaneefate. Obboo Dagaagaan akkuma
tooftaadhaan Danuu karaa qabsiisaan Danuun mucayyoo argee akka jaallatee bira
ga’aniru.Danuunis amma fudhuuf walii gallaan abbaan isaa jaarsummaa maatii Umeetti ergani.
Abbaan Uumee refuu dubbiin isaanif gala inni guyyaa tokko Obboo Dagaagaa walinn gabaa otoo
dhaqanii walitti qoosaa turan sun. Ta’uus michummaama malee firummaa waan wal keessaa hin
qabneef yaadaa isaani faalleessu hin barbaanne. Maatiin obboo Sanyiis jaarsumma dhufee
kabajaan simatani firaa mari’anne ayyaanas ilaallee sin beeksifna torbaan lamaan kanatti
deebi’aa jedhani kabajaan isaan gaggeeessani.Harmeen Uumee addee Buukeen biqila biqilchaani
biqilee jira. Kun immoo ayyaana gaarii ta’uu isaa mul’isa waan ta’ee dhufaati jaarsolittu
eegamaa jira. Manguddoonni abbaan Danuu ergani akkuma manaa eebban ba’aniin mandara
faarsii qee’ee obboo Dagaagaafa keessa ba’ani laftoo booshii yoo ga’an, Durbatooonni lamaa
ganamaa bishaan waraabbatani laga boolla keessaa itti ba’ani. Jarsoolin deemsii isaani deemsa
milkii ta’uu mirkaneeffatani. Akkaa aadaa oromootti durbaa fudhaaaf gaafatachuu yoo dhaqan
karaati dubartiin bishaan warrabdee itti yoo dhuftee akka milkii gaaritti ilaalama. Yoo ammoo
refuu qoodaa duwwaa baattee bishaan waraabbachuu dhaqxi yoo ta’e ammo milkii badaa jedhani
ofiirra deebi’ani galu. Kana malees kurupheen yoo isaan qaxxamurte adda gogeetidha milkiin
hin tolle jedhani ofirra deebi’u. Jarsoliin ergamani qe’ee obboo Sanyii gahani marga jiidhaa,
ulumaayyaas harkaatti qabatani. Milkiin toolaadha. Maatiin Uumee gammachuudhaan ilntala
isaani ilma obbo Dagaagaaf kennani.Uumeen Danuudhaaf Naqatamte. Danuun isa Uumeen
bishaan budduqsiteefi ija dura deddeebi’a. Amma ijaan lammaffa irraa deebi’ee ishee argutti
jarjareera. Obbolotaa dhiiraa sadan isheen hangafan malee Uumeen maatii isheef karaa durbaa
angaftuudha. Maatin ishee wareegaan ishee argatani.Ilmaan dhiiraa saddi walitti anasanii
godhannaan mana qaalluu dhaqani yoo miilana mucaa durbaa nuuf laatte kormaan sif galcha
jedhani wareeganii turan. Kan nama ajaa’ibu kan akaakayyuu Uumeen Guddataa Bokkee ture.
Akaakayyuun Uumee qaalichaaf bara dhuftuu ilma koof mucaa durbaa yoo kennite ani immoo
gafaa dhalatte gaafa ji’a dhadhaa buqqee guutuun mataatti baadhee siif galcha jedhani. Akkuma
abdatame Uumeen waggaa isaatti dhalatte. Dhalattee ishee harma hootu budaan ishee nyaatte.
Keessuma qajjisi maataa ishee mujjaa balbalaa fakkaatu sun ija budarraa akka hin hafne ishee
taasise. Uumeen akkasin mana barumsaa deemtee nagaadhaan barattee galuu hin dandeenye.
Mana barumsaatti kuffisee gamsiisnaan barnoota addaan kutuuf dirqamte. Abbaan ishee xabala
yoo xammaqamtee fayyuu dandeessi jedhani magaalaa amboo fidani xammaqsiisani turan.

96
Fedhiin maatii lammani waan beekameef guyyaa cidha isaani beellamni qabameera. Danuun
akkuma amala isaa daldalaaf gabaa saqalaa dhaqeera. Uumeefi gayyaan yookaan haati mana
wasilaa ishee Ummusheeni gabaa dhaqaniruu. Ummusheen Uumeen eenyuu akka ishee
kaadhimatee sirritti beekti. Gabaa keessatti Danuu argitee gurbaan ila kaadhimaan kees isa
sanadha jette quba akeektuu isheen gara Danuutti akeektee. Uumeen yoona kana kan lapheen
ishee akka dhadhaa baquu jalqabe. Nan beekas hin beekus hin jenne callistee dhiiste. Silaa gafaa
inni Bosonuu ajjeese sana dhaabatee jabina isaa dinqisifachaa turteetti. Kana malees bishaan
budduqsitee keeniteefi waan dheebuu isa baaftee ija ishee duraa hin banne. Uumusheen sin
beeku miti beenuu dhaqnee waan inni gurguruu ilaalla. Yoo nutti tole moo tokko tokko irraa
binna jetten. Uumeen waan saalfattef didde. Uumusheen taphaa duratti qoosaa argannaan biraa
hin deebitu. Namni ishee waliin oolee akka nama bakka bashannan deeme bohaaraa oola.
Danuun shittoofi qabsisaa rifeensa shammarranii gurguraa jira. Uumusheen qabsisicha olfutee
“Meeqa meeqa qabsiisaan shurrubaa kun?’ jette
“Qarshiin tokko lama lama” jedheen. Eenyuu akka ta’e ol jedhee hin ilaalle.
“Maal qaalii gooteho . sadii sadii godhi ” jetten Uummusheen.
“Kanumadha gatiin isaa akkasumaan gurguraan jira” jedhen.
“Lakki of irraa nan arii’iin, soddoomufu jirahoo, hin ta’u taanan intala keenya sin kenninu.” jette
ammas dabaltee.
Danuun yoo kana gaaffiin Uumushee waa akka of geessa qabuu shakkuu hin oolle tole jedhe
qarshii tokkon qabsistuu shurrrubbaa sadii itti gurgure. Uumeen irraa fagaatte isaan ilaalaa jirti.
Ummusheen qabsistuu shuruubbaa bittee dhufte Uumeedhaan
“Jaallatte itti mul’achuu didde male innoo si bareeraa” jetten.
Uumeen nasuudhaan ‘akkamiin na baree’ jette.
“An beekaree? kunoo ani qarshii tokkon qabsistuu shurrubbaa tokko binnaan kana immoo
Uumeef kenni jedhee natti laatee si arguu hin hafne fakkaata akka ati as dhaabbatte jirtu”jetteen.
Qabsiistuu shurrubaa lamma kun siif ergamee jettee Ummusheen Uumeetti hixatte. Uumeen
fudhachuu diddee. Ummusheen kan kaadhimaan namaaf ergee didamaa jette itti qoostee
dirqii’umaan itti kennite. Ummusheen waan gochaa jirtu kanatti of ajaa’ibsiifatte of keessatti
kolfaa deemti. Gabaa keessaa waan gurguratan gurguranii, waan bitatan bibbitatani gara manatti
qajeelani. Refuuma magaalaa keessaa bahani qarqa hingooyyee ga’u. Ummusheen qabsiisaa
shurrubaa bitatte shurrubbaa ishee qabsiifatte Uumeefis qabsiistee ergi qarqa hingooyyee
ba’anii.Uumeen akka waan Danuun keenna isheef ergeetti amantee jirti. Danuunis waan quba
qabu hin jiru. Iciitiin taphichaa Ummushee harka jira. Qindeefamne Ummushee kun Uumee
keessatti sidaa jaalalaa Danuuf akka qabaatuuf bu’uraa ka’eera. Keennaa kaadhimaan kee siif
ergedha jedhamee kennaameefi dabalataan jabina Danuu beekuun Uumee jaalala isaan akka
booji’amtuu godheera.
Guyyaan cidha isaani beellamni qabamee maatiin gama lamaanu qophii taasisaa jira. Danuufi
Uumeenis wal baraniruu. Kadhimaawwaan lammaanu wal jaallataniiru. Lammanuu akka waan
ofii isaani wal argataniitti malee fedha maatii isaani duwwaan irratti hin hundofne. Guyyaan
cidhaa jala ga’aa jira. Dargaggoonni sirbii jala bultii galgala galgala sirbuu jalqabaniiru. Danuufi
Uumeenis wal arguus magaalaa Saqalaatti beellamni qabameera. Kunis inni daaraa baasaa

97
yookan keennaa Danuu biraa Uumeedhaa keennamuuf karoorfameeti. Beelmani qabamee
Uumeen gama isheen hiriyootaafi michoota ishee waammattee dhufteetti. Danuunis gama isaan
michoonni isaa jiru. Uffanni gosa gosaa bibitameefi kopheenis akkasuma. Warqiin quba harkaafi
Lootiin gurraas hin hafnee hunduu bibitamee. Qoodaa qoodaa waan barbaachisuu gutamee.
Uumeenis fedha ishee otuu hin daangessin waan ishee barbaachisu tokko lamaan akka bituufi
taasifte. Akkasiin sirni daara baasaa nanichatti beekamu gaggeefamee.
Dargaggoonni ganjii baddaa boroo, farisii, laaftoo booshii, dimbee, fooqaa, kattaa bulloo, gujii,
galgala horii sassabani galachani karra mooraa loonii cufanii boodaa qe’ee Danuufa harbuu tufaa
jalatti walitti qabamnii sirbaani ragadu. Qe’een Uumeefas akkasuma. Keessuma qe’een isaani
baddaa yaantoo lafa ol ka’aa irra waan ta’ee sagalee weeddisa dargagootaa karaa hamma
baabbee ga’utti dhihaan amma harbuu sisootti kabaafi kibbaan ammo hanga ona baaqelaafi
asattiitti dhga’ama. Mana aaddee Fiixeefatti abshiloo farsoo naquuf abshilamaa jiru urgaan isaa
karaa irra nama hin dabarsuu. Qophiin xuxumuramaa jira.Firri dhiyyoofi halaalaa waamamee
guyyaa cidhaa qofa eeggataa jiru. Keessumaa Obbo Dagaagaan cidha lama wal faana waan
baasaniif qophii isaani guddaadha. Danuudhaan fusisuun cinatti Obboleetti Danuu ammoo ni
heerumsiisu turani. Kanaaf qophiin isaan akka cidha lamaa galchuu danda’utti humnaan
qopheefamaa jira.
Gama Uumeefatiin firoonni harmee ishee eessumonni ishee warri Hordofaa Hoffolaa goortoo
irraa buqanii dhufaniruu. Haroon baddaa yaantoo hoomaa dargaggeessafi dargaggeetin
booji’ameera. Guyyaa tokko lamaan wal dabarssee beellamni cidha misirroota lamaanif
akeekame ga’e. Dunkaanni keessatti keessummaan keessummeefamu gama lamaaninu
qopheeffameera. Ta’umsii keessa naannefamee gutameera. Caffeen goodaa abuunaatii haamame
lafa firfirfamee jira. Namani akka hoomaa qaannisaa wal keessa dardabaa kun as kun achii
waliimti isaa hin beeku. Kun achii wal wama kun as wal waama. Enyuu ati… abaluu mee kana
keeni….Dafii fidii…..Yoo. Maal jette ….,Nooraa nooraa….ol seena…. Bishaan harkaaq
buusaa…farsoo buusaa…. barmelitti gutameera. Sagalee hursa baayyetu dhaga’ama safuu
akkatti namni wal dhaga’a jiruufu male. Qeerrewwan dibbee fudhatani balbala Uumeef dura
laaftoo guddaa dalga dagaagee gaddisaa ta’eeru tokko jalatti dibbee fudhatani sirba jalqabaniru.
Uumeen mana keessa michoota isheen qoqophaa’aa, babareedaa jirti. Duratuu bareedinni
adduma daangulee aduu birraa, bareedduu morma lookoo, qal’oo mudhii sonsaa, amma immoo
ittumaayyu habaaboo birraa fakkaateetti. Michoota ishe waliin ija keessa wal ilaalani
himimmaan isaani akka bishaani dhangalaasu. Gargar ba’uun geesse jedhani boo’ani wal
boosisu.
Qe’een Obbo Dagaagaa hoomaa namootaaf namni iddoo ejjetu hin qabu. Hamaamoonni fardeen
isaani eegee miciraani babbareechanii jiru.qaqqabatani dhufani harbuu tufaa jalatti takaalani
uudii garbuun itti dha’amee keessa habaqii nyaatu. Hamaamonni hunduu dhufanii wal geenyan
dhangaan haa dhiyyatuuf qoqopha’aa jira. Danuun minzolii isaan barbadeedaa qophaa’era
goofaree isaa reefu haphachuu jalqabu sana kamakamate akka bilaa garbuu dhadhaabatanii jiru.
Waamichi yaa’anii dunkanaa guutani farsoo waancaadhaan dhugaa jiru. Obbo Dagaagaan
keessa deemani nyaadha dhugaa maaltu haa dabaluu maltuu hir’atee jedheni namoota
nyaachisani obaasu. Keessummessoni waamicha keessummeessuf olif gadi kaa’atu.
Hamaamoonnis dhangaa dhiyaateefi nyaataa jiru. Jaarsoliifi maatiin Danuu eebbisanii eebbaan
isaan gaggeessani. Hamaamoonni fardeen isaani irraa bu’anii harbuu tufaa fuldura lafa masqalaa
walitti qabamani sirbuu jalqabani. Nagaan galaa ofkolaa jedhu waamichi ijaan isaan gaggeesse.

98
Hamaamotee manadara faarsi keessaa ba’e laftoo booshii bishaan boollaa ga’u sagaleen sirbaa
kattaa birruu irraa dhaga’amuu eegale. Hamaamotaatu dhiyyaachaa obboleetin Danuus har’a
waan heerumtuufi. Sagalee wedduuu as dhiyyaacha dhufee. Deemsuma deemsa keessaa qe’ee
obboo Dagaagaatin ba’ani. Haamonni farda isaani irraabubu’ani sirba jalqabani. Wal’aansoo
balbala qabiin boodee ol seenani mushurroonni lammani s wal argani sirni itti aanuu itti fufee.
Danuun faa reefuu bosona gumgumiin darbani irraan olee mana abbaa shaggaa ba’anii mana
obboo garboo cinaadhaa haroo irraa ga’uu. Fardeen lachee goodaa abuunaa dheeddee guddatte
kan colluumaan hilleensaa dirree wal kitaataa kana arganii gulufnu malee waan jedhan fakkaatu.
Hamaamonni lama lamaa hamma mudhii hadha darreetti gulufisisan. Fardii Danuufi Jarsaa
gadaafi hamaamota muraasa isa biratti hafee. Jarris yoo gulufsisuu dhaabatanis saggarsisuu hin
oolle. Amma isaan dhaqani warra gulufani isaan gatan qaqqabatanitti jarri immoo walitti
naanna’ani lafa dhiityanii sirbuu eegalani.Mudhiin haadha darree mana Uumeefaatti dhiyyoo
waan ta’ee sagaleen sirbaa hamaamotee dhaga’amaa jira. Firoonni Uumee dargaggeessifi
dargageeti gortoo irraa dhufani balbala qabii irratti namnii tokko akka karaa hin saqneefi wal
akeekkachiisaniru. Hamaamonni gara maanaatii dhiyyaatani. Laaftoo jafaafaa jalaatti sirbii akka
malee ho’ee sirbamaa jira. Hamaamoni Danuun waamatee qeerroon ijoollee ganjii akka balbala
qabiin cimaan isaan eegatu shakkii hin qabnai. Keessumaa ciminaa ijoollee gortoo quba waan
qabaniifi of qopheessaniruu isaanis. Karraa irratti hunduu wal utubee wal dhaabee maaltu akka
salphaan karra haa haaseensisuu wal dhaansoo jabaachaa dhufee dubbin gara malee hammatte.
Haala kana jaarsolin biyyaa dafanii kallatti isaa jijjirsisuu akka qaban waan hubatan ta’uu hin
ooluu araraa buusani qooda barbaachisuu hunduu rawwatamee karrii banameefi ol
seenani.Misirichii kabaajaan jaarsaa gadaafi jaarsa biyyaan durfamee minzolii isaan dabaalame
kabajaan ol seenani Uumee faana wal arganii maadiin eebbaaf dhiyyaate. Hamma sanatti
hamaamotaaf farsoon waancaadhan dhiyyeefameefi .Cumboo eebbeef dhiyyaate irraati cororsaan
cororfamee eebbi jalqabamee.
Qabattanii aaga qabadhaa!
Rafaa abjuu qabaadhaa!
Adeemaa milkii qabaadhaa!
Miilaan lafa qabadhaa!
Harkaan Waaqa qabadhaa!
Coqorsa lo’aa ta’aa!
Gannaa fi Bona lalisaa!
Waleensuu kormaa ta’aa!
Diina yaabbii dhowwadhaa!
Odaa dagaagaa ta’aa!
Gannaa fi Bona garbaabaa!
Aannanii fi garaa ta’aa!
Dhadhaa fi mataa ta’aa!

99
Akka biiftuu aanga’aa!
Akka qorsaa ifaa!
Cirracha Abbayyaa ta’aa!
Lakkaa’aan isin hin fixin!
Madda Walaabuu ta’aa!
Waraabaan isin hin fixin!
Jalduu Biikkoo ta’aa!
Qomaa fi dugdatti baadhaa!
Goomattuu fi tolfattuun
isin hindanda’in!
Bona ogee baraaraamaa!
Ganna balaqqee ofkalaa!
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu!
Garii sinitti haa qabu!
Kumaatama horaa!
Kan hortan wajjin bulaa!
Walbira oolaa-bulaa!
Safuu waliif qabaadhaa!
Eebbi kun eebba gosaatii,
Haphee ta’ee sinitti haa qabatu!
Na hoofkalchaa!
Eebbii milkiin raawwatamee. Dhangaan hamootaaf dhiyyaate hunduuu nyaatee dhugee farsoo
isaa dhugee. Amma dubbiin gara galmaati. Sirbii akka qabbanaa’uu ta’ee ture deebi’ere ho’ee.
Bo’ichiifi wal marartees kan caaluu ta’e firoonni michoonnifi obbolonni Uumee bo’icha
futtaafatani. Wal’aansoo duraa caalatti kan gundoon booretti sodaatama jira. Akka aadaatti
gundoo booree malee galuun fafadha. Gundoon booree akka salphaatti hin argamtuu wareegama
guddaa qabdi. Hamaamonni sirbaan gowwomsani ammas ammas gananii gundoo booree butuu
yaaluu garuu salphaatti itti hin gadhiisani. Gara walakkaa sa’atti wal’ansoon gundoo booree itti
fufe. Sirbii gar-malee ho’eeraa amma hamaamonni qabsoo gara gundoo booreetti taasifamuu
dagachiisuuf jecha akka shilleessuu godhaniruu. Kana gidduudhaan hamaamota keessa tokko
hinxilif yoo godhu gondoo boore buutee to’annoo isaa keessa galfate.Shamarran itti yaa’ani

100
dibbeedha rurukutani akkasittin gundoon booree harka baatee.Mishirootaa gaggeessani gara
manaatii deebi’ani.
Qe’een obbo Dagaagaa dhufaatti ilma ilma isaani hawwiin eeggachaa jiru. Isaanis hamaamota
dhufanii jiran keessummeessani eebbaan hintala isaani gaggeessani reefuu mana gararraa ga’uu.
Hamaamonni Danuufaa lafa sursuraa’uu dhufanii sirbaan simmannaan o’aan taasifameefi.

Danuun haala kanaan bultii Uumee waliin dhabee jireenyaa isaa ishee waliin gaggeeefachuu
jalqabe. Lafa abbaan isaa isaaf kennani alatti ofii isaas gaawwaa ciree baasee wal’aansoo
jirenyaa baadii jalqabe. Danuun gaaf tokko jennaan gaaf tokko akkuma abbaa iosaa hojii
qoonnaatti deebi’ee waan haafu isatti fakkaate hin turre. Keessumma barnoota irratti qa’umsa
guddaa waan qabaachaa tureef baratee iddoo guddaa ga’ee bu’aa guddaa biyyaa isaaf buusuu
ture garuu hireen namaa garaagarii akkasiin daangaa itti gootee akka innis qonnaa qotuutti
deebi’u isa goote. Uumee waliin bultii jalqabni amma gara waggaa caaluuf jedhu. Uumeen
garaatti ishee hafuuf isaa ibsituun guddina garaa isheeti ni mirkaneessa. Guyyaa wal wal irraati
ida’amee ulfii Uumeed guddataa deeme. Turee bulee mallattoon cininfuu Uumee irratti
mul’achuu jalqabe. Danuun namota oollaa waammatee siree xeephaan batanii buufata fayyaa
magaala saqalaadhaan baasani. Akimooni buufatichaa yaalii barbaachisuu gochuufi jalqabani.
Turtii muraasa boodde hin dandeenye gara Hospitaala shaambutti dabarsaaa kan jedhuu Danuutti
himamee. Yoona kana turee kan Danuun naasuudhaan lafa lixuu dhabee. Tokkoffa konkolaataan
shambuufi saqalaa bara sana akka salphaati argachuu miti hin jiruu jechuun danda’ama. Kan
lammataa baatani shaambuu geessuun waandanda’amuu miti sababni isaas deemsaa sa’atii lamaa
shambuun saqalaa irraa waan fagaatus. Dubbiin kun Uumeefis ta’ee Danuuf waan baayyee
yaaddeessa ta’e wanti gochaa dibee. Danuufi obboleessi Uumee Lammeessaan buufata mana
yaalichaa keessa daandiitti ba’ani tarii konkolaata feu’umsaa tasa yoo arganneef jedhani. Ziittaan
konkolataan obbo Addaam Jalduu balbala isaani ful dura dhaabbatee finfinnee deemuuf midhaan
fe’ataa jira. Carraa guddaatu argamee Uumeen konkolaatichaan hospitaala shaambuu
dhaqqabdee. Cininsuun irraa waan tureef ogeessonni deesistootaa nafa nafa daddafani yaalii
taasifamuuf mara gochuu jalqabani.Danuu waan qabee gadhisuu dhabee dhiphataa jira. Akka ol
hin seenne waan dhorkameef garaan isaa akka malee raafaama jira.Utuu inni bakkee dhaabbatee
misinuu iyyii guddaan tokko dhaga’ame. Sanuma hordofee bo’ichi daa’imas dhaga’ame. Ogeessi
balbala banatee gad ba’ee
“Danuu Dagaagaa” jedhee.
Danuun “Jira! Jira!” jechaa gara isaatti fiige.
“Baga gammadde haatii warraa kee nagaadhaan hiikamtee jirti!” jedhee harka isa fuudhe.
Danuun gammachuudhaan lafa lixu dhabe. Harmeen isaas aaddee Fiixeen sagalee ilillee
dhageesisani. Danuun balbala banatee kutaa Uumeen jirtu seene harka ishee fuudhuf. Ilkaan
ishee tooraa galee jiruu sana hidhi irraa saaqxee fula ifaan isa simmatte. Gammachuun wal
dhungatani. Danuun mucaa ilmaa argachuun isaa immoo gammachuu isaa daangaa dhabsiise.
Umee harka fuudhee ka’ee cina ishee mucaa uffataa golgame fulli isaa qofti argamu ijaan ilaalaa

101
“Imaanaa” jedhe waamee akka waan mucaa isa dhaga’uu. Uumeen itti kolfitee. Hidhii isaa
lamman walin xuuxee sagalee siksuu dhageesise. Gaashaan ilma isaa kofalchiisuu barbaadee ture
Danuun. Umeen xiqoo dadhabbii ishee irraa bayyaannatteen boodaa garaa manati galtee. Ollaan
garanaaf garasiin Umeetti ya’ee baga deesse harka fuudhu jalqabani. Mucaa dhalate tokko lama
jedhee guyyaan lakka’amee guyyoonni afur darbanii jiru. Guyyaa boori qophii addaa yookan
shananiitu jira mucaa dhalateen wal qabatee. Dhangaan marqaan addee Fiixedhaan
qopheeffamee jira. Ollaan waamamaniruu dhangaa dhiyyaate keessaa qooda akka hirmaataniifi.
Affeerraan kun ayyoolii qofaa ilaallata qoodi dhiirri dhangaa kana keessaa qabu hagas mara miti.
Harmooliin ollaa tokko lamaan wal duraa duubaan dhufaani mana Umeefaatti walitti qabamani.
Marqaan marqamee gabatee irratti baafamee gidduun isaa gargar saqame akka baaduu furdaafi
cororsaa qabachuuf mijatutti caaseffame. Gidduu isaatti baduu furdaan naqamee cororsaan irratti
dabalamee.Ayyoliin deessu afaan ka’anii boodaa ofiis gara nyaatatti darbani. Dhangaan marqaa
dhiyyaate nyaatamee booda ayyooliin sirba hoobisee bojjitoo marqaa fudhatanii sirbuu jalqani.
Sirbaa Hoobishee
Mucaa dhalateef mooggasi maqaa dhiyyaate. Hunduu maqaa jalateefi filatee moggaassu
jalqaban. Abbaan Danuu obbo Dagaagaan mucaan dhalatee badhaasa kooti jedhani “Badhaasaa”
jedhani. Addee Fixeen harmeen Danuus “Fayyeera” jedhani. Maqaleen Galataa, Lataa,
Gaaddisaa, jedhani moggaasaaf dhiyyaatani. Danuu dhadachicha gidduudha sagale ol fudhatee.
Kabajamtootaa maatii keenyaa maqaleen isin mogaasattan kun akkuma jirutti ta’e aniImaanaa
jedhee moggaasuun fedha. Sababni isaas kaayyoo, hawwii, galman ani ga’uuf aggaamaa turee
garuu sababa adda addaan otuu hin galma hin ga’iin hafan akka inni wal’aansoon ani jalqabee
xumuraa itti godhuuf qabsoon ani jalqabee karaatti dhaabee itti fufee galmaan akka ga’uuf
Imaanaan ilma koo irraa qabuufi itti laadhuu waan ta’eef maqaa kanaan akka ilmiikoo
waamamuufi kabaajaan akka naaf raggasistaani isin gaafadha jedhae. Kana yeroon jedhu margi
maqaa ofii moggaafattanin isaa waamuu keessanis akkuma isiinif kabajameetti akka jiruu akka
na hubattanin barbaada. Umeen yaada abbaa warraa ishee Danuu Dagaagaatti waliif galuu ishee
ifaa ifatti yaa’ii duratti dhageesistee.Miseensoonni yaa’ichaa yaada abbaan ilmaa dhiyyeesseti
waliif galani guyyaa sanaa kaasee ilmi Danuu Dagaaga Abbaa Magaal Imaanaa jedhamee
waamamuu itti fufee.
Firoonni Umee karaa abbaas karaa haadhaas tuma tumaani. Tuma tumamee kanaas firoota isaani
bakka adda addaa jiraniti dhaamani wal qaqqabsiisaan. Dubartootaa fakkaataan dhangaa dhaan
malee waan gogaan yokaan harka duwwaa namni tokko akka harka fuchaa hin dhaqne. Kana
malees haraqee kooddaan akka qabatan itti waliif galani. Dhiira fakkaataan ammoo qarshiidhaan
akka harkaa ishee fudhaan waliiif galani. Guyyaan beellamaa geenyaan firoonni karaa abbaa
Uumee warra Guddataa Bookkee Gooroo warriii somboo kumii, aroo aagaa, baabbee, ashaayya,
yaantoos akkasuma karaa harmee Umee gortoodhaa, saqalaadha, caabirii, wabboofi qunni qe’ee
Danuufaatti walitti qabamani. Danuun dhufaatti soddoota isaa waan quba qabuu fakkaata
jibichaa qalee isaan eege. Keessummoonni dhufaani jiru. Manni Danuun ijaarratte jiru mana
citaa waan ta’eef keessumoota dhufani bakka tokkotti qabachuu wan hin dandeenyeef mana
maatii isaa keessatti akka keessummeeffamanii taasifamee. Manni guutudhaa dhagaa qabatanii
dhufaan qorii, dabboo cubbaa, sukkummaan wal dura dubaan dhiyyeefame. Ollaanis waamamee

102
waan jiruu hunduu nyaatee dhugee farsoonis naqamee waan jiru fakkaata namoonni geebaa
farsoo qaqabatanii jiru. Haraqeenis bubuufameefi isaas dhadhamataa hursanii taphatu.
Gammachuun isaani guddaa ta’uu hin oolu. Dhimmi kana Imaanaan homaa qalbiin waan qabate
hin fakkaatu. Namoonni wal wal irraa fuudhani isaa baatu turan. Innis callisee isaanirra taa’a ture
kan inni sagalee bo’ichaa dhageessisuu yoo beela’e harmaa hodhuu barbaadee qofa fakkaata.
Keessummoonni dhufani walakkaa galgalli geenyyani galuuf qajeelani gariin garuu bultaan
jedhamani buuluf dirqamani.
Imaanaan tokko lama jedhee jabaachaa dhufee ol jedhee ta’e baatame. Turtii ji’ootaan muraasaan
booda da’imuun itti fufee sana booda sutaa harka abbaa isaa qabatee daaddee milla tokko lamaan
fuudhu jalqabee. Qophaa isaas ol ka’ee dabachuu itti fufee si’a lamman tokko tarkaanfatee booda
buq jedhee kufuunis akkuma isaatti jira. Afaanis hikaachuu jalqabeera abbaa, ayyoo, akkoo,
akaakaan jechuun afaan isaa irraa hin bu’ani. Akkoofi akaakaa isaa dabalatee maatiin isaani
jaalala guddaa isaaf qabu. Keessumaa ilmaan ilmaan isaani fageenyarra waan jiraanif carraa
isaan baatani guddisuu argachaa waan hin turreef gammachuun isaani qoosaa hin turre. Gabaa
yoo dhaqaan shonkoraa, karameellaa. Muuzii, burtukaaniifi koshooro waanuma ijoolleen itti
gammaduu mara godhani isa kununsuu turani. Imaanaa jabaata dhufee erga ergamuufi jalqabera.
Ollaas deemee buna nii waama bishaanis laga xururtooti waraabuu jalqabeera. Jabbootaafi
hoolota gaaratti bobbaasee tiksuus jalqabeera. Umuriin isaas barnootaaf ga’aa deemaa jira.
Abbaan isaa Danuun galgala galgala A B C D barsisuu jalqabani. Harmeen isaa immo lakkobsa
isa barsisaa turte. Amma yoona tooftaan itti harmeen ishee isa barsiistu Imaanaan ija isaa duraa
hin badu. Keessumaa Ida’uufi hir’isuu akka addaatti yaadaata. Galgala tokko Imaanaan irbaanni
erga nyaatameen boodaa gaaffi gaafatame. Kan gaafate abbaa isaa ture.
‘Lama irraati lama yoo idaanee meeqa ta’a Imaanaa ?”. Imaanaan takkumaa “afur”jedhee
deebisa.
“Afur irraati lama yoo daballee” jedhe ammas Danuun.
Imaanaan akka dura hin jarjarre quboota harka isaa lakkaa’e deebisefi.
Gaaffi biroo “afur irraati shan yoo idaanee meeqa ta’a” Danuun.
Imaanaan argachuu dadhabnaan gidduudhan Umeen harmeen Imaanaa “sangootaa meeqa qabna
jetten.Danuun “afur” jedhee.
Sawwanoo?
Takka itti yaadee shan jedhee deebiseefi.
“Mee walitti dabalii lakka’ii”jetten Umeen
Imaanaan walitti lakka’ee sagal jedhe marree afuri shan yoo walitti daballe sagal ta’aa
jechuudha.
Mallii kun imaanaafi tooftaa gaarii ta’e. Gaaffii herregaa gaafatamnaan mala kanaan
salphaamatti bira ga’uu jalqabe. Kan isa rakkisaa ture lakkoobsa amma dhibbaatti lakka’uu baruu
ture.Kanaafis abbaan isaa Danuun yeroo hundaa galgala galgala maatiin isaani lamman bakka

103
tokkotti buna yommuu dhugaan milla isaa gidduu dhabsisee isaa lakkobsisaa ture. Guyyaa tokko
Keessumaatu mana isaa ture. Baratootaa mana barumsaa shaambuu irraa baratan ijoollee
obboleetti addee Fiixee magaalaa jaartee Aliiboo irraa dhufaani aduun itti dhiinaan achii bulanii
darbuuf gorani. Akkuma amala isaani abbaafi ilmii lakkobsa lakka’uu jalqabni. Keesuumoota
keessa mucaan durbaa tokko yaadaan isaan qabdee dhaggeefataa turte. Imaanaan ammas ammas
irra deddeb’iee irraanfata ture. Inni kan beekuu amma soddomaatti qofaa ture kanaafu abbaan
isaa Danuun jalqaba jalqaba ishee yommuu itti himuu itti guutee amma sagalitti lakka’a. Kunis
fakkeenyaaf tokko kaasee hanga soddomii sagaliitti lakka’ee irranfata. Yeroo abbaan isaa
Danuun afurtama jedhu. Itti fufee amma afurtamii sagaliitti lakka’ee dhabbata, ammas Danuun
shantama jedhaan Imaanaan amma shantamii sagaliitti lakka’ee dhaabbata. Danuun jaatama,
torbaatama saddettama jedhee amma sagalataamaaatti isaa yayyadachiisa ture. Shmarree haala
kana qalbiin hordofaa turte Imaanaa ofitti waamtee akkam goota beekta jetten. Imaanaa hii
jedhee haasaa ishee dhagggeefachuu jalqabeen. Yeroo si jalaa baduu callisteema “ tama” itti
dabaluudha jette. Fakkeenyaaf. Afur-tama. Shan-tama, jaa-tama. Torba-tama, sadet-tama, sagal-
tama. Mallii kun Imaanaa mitii maatima guutuu waan ajaa’ibeedha. Imaanaan waan guyyaa
meeqa ittin wal’aansoo wal qabaa ture sana galgala tokkotti shamarreen kun isa hubachiifte.
Galata ishee rabbiin hin balleessin male.
Danuun barnootaaf umuriin isaa geenyaan mana barumsaa guddinaa abunaatti kutaa tokkoffaa
barachuu egale. Manni barumsaa guddinaa Abuunaa bara 1997 akka lakkobsaa Habashaattii
hundeefamte. Baruma sana baratootaa kutaa tokkoffafi lammaffa barsiisuu eegalte. Keessuma
baratoonni baayyeen mana barumsaa ollaatti waan argataniif hunduu gara mana barumsaa
deemee. Imaanaa barnoota isaa kutaa tokko hanga afuritti achumatti xurmuree sana booda gara
mana barumsaa saqalaa deemee kutaa shanii hanga toorbaatti itti fufee barate. Dhumarra wasilaa
isaa Annisaa bira magalaa Hurrumuu dhaqee itti fufee barachuu erga eegalee waggonni lama
darbaniiru. Amma Imaanaan barnoota isaa kutaa sagalaffaa xumuree boqonnaa gannaaf maatii
biratti dabarsuu dhufee magaalaa shambuu ga’ee jira.
******************************************************************************
Imaanaan aduun waan itti dhiheef magaala shaambuu bulee ganamaan ka’ee buufata konkolaata
shaambuu jira. Konkolaataa gara jaartee jardagaa deeman fe’achaa jiru tokko seene bakka
qabatee ta’e. Gargaaraan konkolaachisaa imaltootaa balbala konkolaatichaa irra dhaabatee
waamaa jira.
Jartee… Jartee….
Jardagaa jaartee….
Bonee Abunaa jardagaa jaartee.
Imaltoon sutuma sutaan guuta dhufani. konkolaachisaanis dhufee luugama konkolaatichaa
qabatee takka garanatti takka garasitti nannessa sagalee sinxoo konkoaaltichaa iyyisisaa bufata
konkolaataa keessa ba’e. Adda baba’ii Abbishee Garbaatti al lama nanna’ee gara hotela
waabeetti qajeele. Achii ga’ee ofirra deebi’ee. Gashaan imaltoota barbaaduu isaati ta’umsi
qabamee dhumus dhabbitti fe’atani imaltootaa akka qodaatti walitti dhukkamsanii fe’uun silaa
amaluma konkolaachiftootaati. Imaltoonni konkolaata guutani amma bakki ejjenna dhibutti ta’e.

104
Imaanaa jaarsaa tokkof bakka taa’ee jiruu ka’ee teesise. “Guddaadhu ilmoo dhalli kee siif haa
ka’u, alagaan siif haa na’u” jedhani isaa eebbisani. Imaanaan qoma isaa rurrukutaa leel! Leel!
Jedhe ebbaa jarsaa fudhachuu isaati. Magaalaa shaambuu keessaa ba’anii dandii maqa dongoroo
geessuu harka bitaatti dhiisaani dandii guddichaa magaalaa saqalaa geessuu qabatanii qajeelan.
Gitiloo lakkuu yoo ga’an ijaa isaa karaa foodda bakkeetti erge lafa qonaa gamaa gamaana
qotamee bulleefame dimatu mul’ata. Imaanaan kana argee garaan isaa isa rafaame. Qonnaa
qotuun abbaa isaa Danuu waan gargaaraa tureef amma mana ga’ee qonnaa qotutti waan jarjaree
sfakkaata. Hurriin qarree gamaa gamanaa qabatee jira. Ijoolleen boqolloo eegduu qarree irraa
qaccee dhukaastu owwaatuu hallayaan dabaalamee akka meeshaa muziqaa sagalee guddistuutti
guddisee iyyisisuu dhukaasi qaccee ni dhaga’ama. Waktiin waktii arfaasaa waan ta’eef
biqiltoonni lalisaani baala baafataa jiru. Laftis magariisuummaa uffatte samiin dumeessaan
haguugamee waktichaaf bareedaa gumaachuuf waan bobba’an fakkatu. Lacceen goodaa correes
lafa guutee Fardeen ganama obboroon itti dulaani hojii idilee isaani jalqabu kan agarsisuun
hoomaan fardeenii goodichaa keessa jiraachuu isaati. Konkolaachisaan suutaa irraan gadee cabir
konkolaataa Odaa Bulluqiin harka mirgaatti hambisee magaalaa saqalaadhaan ba’e. Imaltoonni
saqalaa konkolaaticha keessa waan hin turreef dhaabbachuu hin barbaannee. Iyyi sagalee sinxoo
isaa ululululu……ululululu…. jedhu waan Na duraa turi, na duraa turi, maqi! maqi! Sitti bu’e
ani! Sirra ba’e ani ! lubbuu kee hin barbaadduu! Si rukutuu? Jechaa jiru fakkaata. Hunduu afaan
isaa kana waan dhaga’uus namatti fakkaata wantii isa dura dhaabbatu hin jiru hunduu karaa irraa
dabsatee isa dabarsaa. Akkasiin magalaa sagalaa gargar hiree qaxxaamure. Qe’ee Obbo
Dhugaasaa Jalataafa fulletti hambisee konkolaatichii fulla isaa gara dimbeetti naanneeffate.
Amma akka duraa miti dirree diriiraatti waan ba’ee saffisaa isaa akka sangaa Fardaa bargaanfii
toluu ka’achuu jalqabe. Haroon dimbee boonaan ergaramee gu’eruu bakkatti deebi’aa jira
daakiyyeen taliila isaa irra talalchaa jirti. Imaanaan amma manatti dhiyyaataa jiraachuu isaa
waan hubateef waan qabatee jiruu wal walitti qabatee bu’uuf qoqophaa’a jira Konkolaatichi
akkuma furgugifamaa jirutti jira namoonni daandii qarqaraa qoonaa qotaan maal akkas gugataa
konkolaatan kun jedhani isaa dinqisiifatu. Inni silaa dimbee keessa darbee kattaa birruun darbee
fullee goodaa fooqaa ga’e. Imaanaan yoo kana gargaaraa konkolaachisaan asumatti akka bu’uu
barbaaduu itti himee. Konkolaatanis balbala Qannoo fulduratti xob isa gootee finxiriruu jalqabee.
Dhugaa qabdii sochii laga abuunaa citee boneen dabartee harbuu caraanaa irraa qaxxaamurtee
jardaagan gargar kuttee amma jartee magaalaa aliibootti waan imaltuu karaa dheeraatu ishee
hafa. Kanaaf waan jarjaartuu fakkaatis. Obbo Qannoo suuqii isaa keessa ba’e baga nagaan
dhuftee jedhe Imaanaa dubbisee. Imaanaan firootaafi namootaa biyyaa isaa karaa irratti itti
dhufani dudubbisaa manaan ba’e. Akaakaan isaa Obbo Dagaagaan balbalaa fulduraa gaatiraa
akka goofaree dargaggeessatti kamakamamtee jirtuu jala taa’ani aduu ganamaa qaqqaamataa
jiranitti ba’e. Akaakaa jedhee itti figee hammatee isaan dubbisee. Isaani nagaa ho’aa wal
gaafataa jiru akkoon isaa addee Fixeenis mana keessaa dhaga’anii gad itti ba’ani. Obbolonni
Imaanaas dhaga’anii itti figaani isa dhudhungatani ba’aa isaa irraa fuudhani manaa galchani.
Umeen harmeen Imaanaa buddeenaa tolchaa waan ta’aa jiru quba hin qabaanne. Imaanaan sutaa
dhaqee
Ijoo! Warra manaa jedhe

105
Battala kana silaa garaan haadhaa hin wallaalluu inni sagalee isaa jijjiree gowwomsuu
barbaaduus Umeen itti baatee isa simatte. Gammachuun guutamanii ija ija keessa wal I’ilaalaa
ciree dhiyyateefi waliin nyaatani. Imaanaan yeroosuma uffata isaa akka qonnaa qootuuf ta’uufitti
jijjirratee ciree fudhee lafaa abbaan isaa Danuun qonnaa qotaa jiru dhaqee. Nagaa wal gaafatani
booda abbaa isaa irraa fudhee ofii qonnaa qootuu eegalee.
Cortuun ergi Imaanaan galee akka durii nama wajjin taphatuu waan hin qabneef barnoonnis
dhaabbatee waan jiruuf mana ooluun ishee jibbisiiseera. Addee Garuummeen boqonnaa hojii
irraa fudhatanii magalaa finfinnee obboleetti isaani biratti dabarsuuf akkuma Cortuuf waadaa
galanii turani gochuuf dirqamani. Ergasii xiqqoo Cortuun xiqqoo amma ijoollee waliin taphatuu
waan argatteef gammadduu haa fakkaattu iyyuu malee Imaanaa otuu hin yaadiin ooltee bultee
hin beektu. Takka takka otuma taphachaa jirtuu akka nama waa gatee yaadaan qariti. Qalbiin
ishee ishee qarisee yaadannoo taphaa Imaanaa waliin qabdu fidee fuula ishee dura kaa’a. Takka
takka immoo otuma hin beekin ofumaan tiktik jettee kofaltii waan Imaanaa jedhee ishee
kolfachiisuu ofumaan teesse yaaddee.
Imaanaan yaadaa lamaan dhiphachaa jira. Tokko yaanni Cortuu isa teesisuu didee boqonnaa isa
dhorkaa. Kana yogguu yaadu ammuma isa ammaa kana otuu Cortuu bira dhaqee ni jaallata. Inni
lammaaffaan boqonnaa gannaa kanaan dhufee maatii isaa biratti dabarsuun immoo akka damma
daammuu isatti waan mi’awweef garatti cituu dhaba. Keessumaa obboloota isaa waliin taphatee
hin quufu. Obboloota dhiiraa afuriifi durbaa tokko qaba. Galgala galgala miseensonni maatii
hunduu akkuma manatti deebi’aniin hibboofi oduu durii wal harkaa fudhanii odeessuun mana
Imaanaafatti bartee dur duriin kaasee dhufeedha. Keessumaan oromoota biratti galgala galgalaa
hibboon taphatamuun adaa beekamtii guddaa qabudha. Hibboon dhimmotaa garaagaraaf ni
taphatama. Keessumaa sammuu daa’immanii qaruu irratti ga’een inni qabuu akka laayyootti
waan dubbatamuu miti. Kana malees hibboo sababiin galgala taphatamuufi ijoon guddaan,
Miseensonni maatii hundu yeroo kana walitti qabamuun cinatti maatiin hunduu guyyaa hojiitti
bobba’anii waan oolaniif galgala ijoolleen dadhabanii otuu irbaata hin nyaatiin akka hin rafneef
amma irbaanni hojjetamee dhiyyaatutti taphaan qabani beelaa dagachisuufi akka isaan hin
mugneef yookaan hin rafnee waan gargaaruufi.
Imaanaan boqoonnaa gannaa biqiltuu dhaabuufi loon tiksuudhaan dabarsa. Keesuumaa bishaan
daakaa ijoolota naannoo isaani biratti daran jaallatama. Imaanaan loon tiksuu kan inni jaallatuufi
bishaan daakuuf jechadha. Malee obboloonni isaa iyyuu sana ga’oo turani. Laga tikaatti otuma
loon tiksaani malkaa abuunaa, babal’ii, shookkisee, hursaa daakaa oolu. Turtiin yeroon Imaanaan
qabuu akka qileensaa birraa bubbisee darbuuf jedha. Barnoonnis eegalamuuf jedha. Waktiin
gannaas darbuuf waan qarqaraa geessedha. Midhaan arfaasaa faca’ee biqilee ijatti toluun isaa
bubbuleera. Omishoota kana keessa immo Dinnichi bu’aa isaa kenne nyaatamuu kan eegalee
taaboreetti ture. Taaboreen ayyaana waktii ganna keessa ayyaaneffamudha. Guyyaan kun giddu
galeessa kan inni godhatuu irra caalaan ijoolledha. Kanaas ijoollummaa fixatee gara
dargaggummaatti dhirri darbuufi jedhu gaafa taaboree jabina isaa agarsiisuu qaba. Guyyaa kana
balbala fulduratti godoon abbayyiifi Ulumaayi irraa ijaarama. Kan ijaarratuus ijoolledhuma.
Maatii dargaggeessi taaboree irraa luba ba’e mana kana ijaaruufis ta’e abbayyi dhiyyeessuf

106
qooda hin qabu. Ijoolleen godoo ijaarratan keessatti cubboon dhiyyaateefi erga nyaataniin
boodaa sirba taaboree sirbuu.
Hoo sirbaa Taaboree………… Hoo sirba taaboree /
Taaboree harka caaccuu ayyookoof ilma laadhu jedhanii wal harkaa fuudhani sirbu. Sirbaan
daheeffatani waan barbaadan kadhatuu taboreedhan. Otuma sirbamuu lammata taboree hin sirbu
an kana boodaa dargaggeessadha kan jedhu yoo jiraate godoo tabooreef ijaaramee cabsee baqata.
Baqni isaa kuni amma dallaa loonii bira dhaqee harkaan qabatutti yokaan gindoo qoonaa
qabatuutti ta’a. Amma inni sana bira ga’utti arii’anii isa qabnaan bara dhuftus taboree
ayyaanessun isaa dirqama itti ta’aa jechuudha. Yoo harkaa ba’ee mooraa loonii yookaan gindoo
harkaa tuqee otuun namni isa hin qaqqabiin lammataa taboree ijoollee waliin bakkeetti hin
ayyaanesuu jechuudha.
Imaanaan turtiin inni boqonnaa gannaaf qabuu jalaa dhumnaan gara Iluu Abbaa Boor
Hurrumuutti deebi’uu qophii irra jira. Akkaayii garbuu fi tumaan nuugii qophaa’eera. Imaanaan
amma akka durii adaadaa isaa Ogeetti magaalaa cooraa jirtuufii wasiilota isaa Mijeessafi Ittaanaa
magaalaa mattu jiraatan cinaatti Cortuufaafis waan qopheeseeruufi fakkaata. Dandiin shaambuufi
Baakkoo mijataan waan hin taaneef imaltoonni wagguma waggaan rakkachuun waan
baratameedha. Konkolaataan bakkaa bakkatti dhoqqeedhaan qabamee dhaabbatu lakkobsa hin
qabu. Imaanaan dadhabii dheeraa boodaa aduu dhiitu cooraa mana adaadaa isaa Ogeetti ga’e
ganama obboroodhaan isa shaambuu ka’e. Borumtaasaa isaa cooraadha gara hurrumuu deemuuf
karorfatee danditti ba’e konkolaata beddellee irraa gara mattuu dhaquu eegachuu jalqabe.
Mooraan barnootaa Yuniversitii Mattuu baratootaa buleeyyii waamee waan jiruuf konkolaataa
akka salphaatti argachuun hin dandeenye. Otumaa adda baaba’ii magaalaa cooraa dhaabbatee
konkolaataa eeggatuu sa’atiin gara kudhanii ta’uuf deemaa jira. Isa malee imaltoonni baayyeenis
akkasumaa konkolaataa dhabanii eegachaa jiru. Konkolaachisaan tokko dhufee qarshii yoo naaf
dabaltani amma yaayyootti sin gessuu nan danda’a jedhe. Imaltoonnis waliif galanii tole jedhani
qajeelani. Imaanaa fulduraa konkolaachisaa cinaa ta’ee. Gargaaran konkolaachisaa imaltootaa
waamuu egalee Yaayyoo yaayyoo.. somboo yaayyoo…yaayyoo jedhee. Konkolaachisaan
Imaanaatin jimaan bitadheen dhufa jedhe shugguxxi tokko mudhii isaa irraa fudhe kiisha
konkolaatichaa keessa luugama isaa cinaadhaan jiru ka’ee bu’e. Imaltoonni durumayyuu jimaa
bitatanii harkaa qabu turani. Konkolaachisaan dhufee motora konkolaatichaa kaasee deemsii itti
fufe. Akkuma magaalaa Cooraa keessa baahaniin jimaa isaa muka lama fuudhee Imaanatti hixate
qabii anaafis qenxesii naaf keenni ofiis qama’i jedheen. Imaanaan akkuma amala isaa an jimaa
hin qama’u kan jedhu ture deebiin isaa. Konkolaachisaan
“Tole anaaf qenxesi yoosaa” jedhe.
“Waawuu kanas gochuu hin danda’uu” deebii Imaanati
“Maaliif?” jedhe konkolaachisaan.
“Macaafi qulqulluun waan ofii kee hin nyaanne namaaf hin kenniin” waan jedhuuf.
“Yoos bu’ii duddubatti darbi nama qama’uun as kawwadha” jedhe nyaaraa isaa walittti guuree
konkolaata dandii qarqara qabsiisee dhabbachiise.Imaanaan hin morminee bu’ee duddubaatti

107
darbee taa’e. Michuun gurbaa Imaanaa waliin bakka wal jijjiranii Imaanaaf gaaffi dhiyyeessefi.
Awwal jedham.
Maalif jimaa hin qamaatu?
“Pheenxeedhan ani, kanaafi” kan jedhuu ture deebiin Imaanaa.Awwal ija tuffiin dalga isaa
ilaalee gurra Jimaa isaa qeqenxesse afaan kawwachutti fulaa deebifate.Deemsii akkuma itti
fufeetti jira. Awwaliifi michuun isaa ganna sana magaalaa Jimmaatti quraanaa barataa turaniiti
kan isaan galaa jiran dhalootaan Iluu anaa Daarimuuti. Amma magaalaa hurrumuu ga’anii
Imaanaa biraa bu’utti waliin deemuun isaani waan ooluu miti.Hunduu callisee baala jimaa isaa
alanfachaa jira namni quba wal qabu hin jiru. Imaanaan callisa yeroo dheeraa boodee gara
Awwalitti fuula deebifatee
“Ati garuu maaliif umuriin kanaa jimaa qamata?”jedhe.
‘Qoodaan dabbaramaa deemuu jedheetani” jedhe deebiseef Awwal
“Ammaaf sitti fakkaatee malee garuu miidhaa guddaa sirratti qabaataa” jedhe ammas dabalee
Imaanaan.
“Innimaa sirridha garuu takkuma takka akka nan dabbarreefani” jedhee. Imaltoonni se’eesituu
jimaan waan machaa’an fakkatu iji isaa akka baatirii konkolaataa ifuu eegaleera. Keessumaa
immoo see’essumaan Jimaa cooraa eessattu beekamadha maqaa gaariis qaba jaallatootaa jimaan.
Akka korbeessa hoolaa mukaaf jirmatti bu’i bu’iis nama godha. Yeroo sanaaf waan addunyaa
kanaa mara fudhee harka namaa keessa waan galchees fakkaata.
Ijoolleen Iluu Abbaa Boor nama kam waliinuu jaalalaan jiraachuu itti beeku. Dubbiin afaan
isaani akkuma dammaa Iluu namatti mi’a. Ijoollee Iluu waliin carraa argatanii taphaachuun akka
bunaa buna yaayyoo mukii namarraa balleessa. Awwal jimaa tokko lamaa waan fufudhateef
machii jimaa waliin wal makee haasaa isatti buusuu jalqabe. Imaanaa waliin wal harkaa fudhanii
hasa’uus itti fufaniiru. Otuma taphatani Imaanaan gidduudhaan Awwaliin
“Gooftaa Iyesuusiin maaliif fayyisaa lubbuu kee godhatte hin fudhattu?” jedhe gaafate.
“Maal naaf godha?” jedhee gaaffi isaa gaaffidhaan deebiseefi Awwal.
“Jireenyaa bara baraa siif laata.”
“Dhiisi Iyesuus nama akka kooti akkamiin jireenya bara baraa naaf laachuu danda’a?
Jalqabumaa Iyesuus ilma rabbii miti. Rabbiin tokkicha malee lama hin jiru, ilmii rabbiis hin jiru.
Namnii du’ee du’aa ka’es hin jiru. Ilmii rabbii dhalatees hin jiru. Yoo dhalatees maal barbaacha
dhalata? maal dalaguufis dhalata” gaaffi jedhu wal duraa dubaan Imaanaaf dhiyyeesse Awwal.
Imaanaan gaaffii gaariidha gaaffi keef deebii siif ta’uu kan danda’uun tokko lamaan sitti himuun
yaala. Obsaan na dhaggeefadhu. Kana yeroo sin jedhuu wal mormuufi yaada kootu caala ana
qofaatu sirridha kan jedhuun osoo hin taanee qalbiifi yaada hubataadhaan akka wal hubannu
abdiin qaba Awwal. An amantii keetti bu’ee si jalaa kommachuuf osoo hin taanee waan naaf
galeefi waanin hubadhee kana sifis galee hubattee itti amante taanan atu waan si baasuu filachuu
akka ati dandeessu na gala. Yeroo danuu baayyeen keenyaa iffaaf bilisaan walitti himnee dhugaa

108
sokuufi dhugaa beekuu barbaaduu caalaa amantii abbaa keenyaa akaakayyuu keenyaa jenne
falmiifi wal hubachuu dadhabuutti geessinee otuu haqaa jiruu hin bariin akka hafnuu eenyumaa
jalaa dhokataa miti garuu ogeessi qalbiidhaan gad ta’ee elaafi elaameedhan wal dhaggeefate
waan guddaafi dhugaa eessa akka jirtuu argachuu akka inni danda’uu shakkii hin qabuu.
Dhiifama haasaa biraa keessa si jalaa seene malee. Akkastu ture jedhe korojoo isaa keessa
macaafaa qulqulluu banee jalaqaba macaafichaa Seeraa Umaamaa boqonnaa tokko irraa kaasanii
dubbisuu eegalani. Akkas jedhe bakkichi
Uma. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume;
² lafti bifa hin qabu, onaas ture; callabboo gad fagoo irra dukkanatu ture, hafuurri Waaqayyoos
bishaan irra in sosocho'a ture.
³ Waaqayyo, "Ifni haa ta'u!" jedhe; ifnis in ta'e.
⁴ Waaqayyo ifichi gaarii akka ta'e in arge; ifichas dukkanichattii gargar in baase.
⁵ Waaqayyo ificha "Guyyaa", dukkanichas "Halkan" jedhee in moggaase; galgallis ta'e,
ganamnis ta'e; kun guyyaa tokkoffaa dha.
⁶ Waaqayyo, "Bishaan keessatti bantiin akka waciitii gombifame tokko haa ta'u, innis bishaan
isa ol hafee fi isa gad hafe gargar haa baasu!" jedhe.
⁷ Waaqayyo bantii akka waciitii kana itti godhe, bishaan bantii kanaa gad jiru bishaan bantii
kanaa ol jiruttii gargar in baase; akkasumas in ta'e.
⁸ Waaqayyo bantii sana "Waaqa" jedhee in moggaase; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa
lammaffaa dha.
⁹ Waaqayyo, "Bishaanonni bantii waaqaa kanaa gad jiran iddoo tokkotti walitti haa qabaman,
lafti inni bishaan irra hin ciifne haa mul'atu!" jedhe; akkasumas in ta'e.
¹⁰ Waaqayyo, iddoo bishaan irra hin ciifne sana "Lafa", bishaanota walitti qabaman sana
immoo "Galaana" jedhee in moggaase; kunis gaarii akka ta'e in arge.
¹¹ Amma immoo Waaqayyo, "Lafti biqila haa baasu! Dhaabaan akka qomoo isaatti sanyii
godhatu mukkeetiin ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma addaan akka
qomoo isaaniitti lafa irratti haa argaman!" jedhe; innis akkasuma in ta'e.
¹² Lafti biqila, dhaabaa sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti, mukkeetii ija kennanii iji
isaanii immoo sanyii of keessaa qaban, adduma addaan akka qomoo qomoo isaaniitti in baase;
kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge.
¹³ Galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa sadaffaa dha.

109
¹⁴ Akkasumas Waaqayyo, "Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii waaqaatti ibsoonni haa
jiraatan! Isaan milikkitoota buusaan waggaa, guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa ta'an!
¹⁵ Isaan ibsoota bantii waaqaattii lafa irratti ifa kennan haa ta'an!" jedhe; innis akkasuma in
ta'e.
¹⁶ Waaqayyo ibsoota gurguddoota lama tolche; inni caalu guyyaa, inni isa irra xinnaatu immoo
halkan aboo akka argatan godhe; urjootas in tolche.
¹⁷ Waaqayyo akka isaan lafa irratti ibsaniif bantii waaqaatti isaan in kaa'e;
¹⁸ guyyaa fi halkan aboo akka isaan qabaataniif, ifaa fi dukkanas akka isaan gargar baasaniif
inni achi isaan in kaa'e; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge.
¹⁹ Galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa afuraffaa dha.
²⁰ Waaqayyo, "Bishaanonni tuuta lubbuu qabaatanii munyuuqaniin haa guutan! Simbirri,
allaattiinis bantii waaqaa jala lafa irra haa balali'an!" jedhe.
²¹ Waaqayyo yommus bineensota gurguddaa warra akka jawwee galaanaa, uumama lubbuu
qaban bishaan keessa munyuuqan hundumaa akka qomoo qomoo isaaniitti, warra baalee
qabanis akka qomoo qomoo isaaniitti in uume; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge.
²² Waaqayyo, "Horaa, baay'adhaa, bishaanota galaanaas guutaa, simbirroonni, allaattonnis¹
lafa irratti haa baay'atan!" jedhee isaan in eebbise.
²³ galgallis ta‘e, ganamnis ta'e; kun guyyaa shanaffaa dha.
²⁴ Ammas Waaqayyo, "Lafti, waan lubbuu qabaatee jiraatu akka qomoo qomoo isaatti, horii
qe'ee, wanta munyuuqu, bineensa lafaas akka qomoo qomoo isaaniitti haa baasu!" jedhe; innis
akkasuma in ta'e.
²⁵ Waaqayyo, bineensota lafaa akka qomoo qomoo isaaniitti, horii qe'ees akka qomoo qomoo
isaaniitti, wanta lafa irra munyuuqan hundumaas akka qomoo qomoo isaaniitti in uume; kunis
gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge.
²⁶ Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in
umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an irratti,
horii qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa
irrattis mootummaa haa qabaatan!" jedhe.
Giddudhaan Awwal “enyuun koottaa? jedhee rabbiin jedhee Imaanaa gaafate. “Gaaffii gaariidha
Awwal”. Waaqayyoo kan inni akkas jedhe waaqayyoo ilmaafi waaqayyoo hafuuraa
qulqulludhaan akkana jedhee. Wal marii’atanii akka fakkaatti isaanitti nama uumuuf jechaa jiru
jedhe. Namni bineensaa irraa muka irraa waan kam kam irraayyuu adda ta’ee akka fakkaatti
waaqayyootti uumamee jechuudha. Itti fufaani dubbisa isaani
²⁷ Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi
dubartii isaan uume;²⁸ Waaqayyo isaaniin, "Horaa, baay'adhaas, lafa guutaa, isas harka jala

110
galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali'an irratti, uumama
lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!" jedhee isaan in eebbise.
²⁹ Yommus Waaqayyo, "Kunoo, ani biqila sanyii godhatu isa irra lafaa hundumaa irra jiru,
muka ija godhatee sanyii isaas ija isaa keessaa qabu, isiniif kenneera; isaan nyaata isiniif haa
ta'an!
³⁰ Bineensa lafaa hundumaa fi simbira qilleensa keessa balali'an hundumaaf, wanta lubbuu
qabaatee jiraatuu fi lafa irra munyuuqu hundumaaf, biqila lalisaa hundumaa nyaataaf
kenneeraaf" jedhe; innis akkasuma in ta'e.
³¹ Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay'ee gaarii ture; galgallis
ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa ja'affaa dha. Kutaaa itti aanuu boqonnaa lammaaffatti darbani.
Kutichis akkas jedha ture
Uma. 2
¹ Bantiiwwan waaqaa, lafti, wanti isaan keessatti argaman hundinuus egaa in raawwataman.
² Waaqayyo guyyaa torbaffaa dura hojii isaa isa hojjechaa ture in raawwate; guyyaa
torbaffaattis Waaqayyo waan hojjechaa ture hundumaattii in boqote.
³ Waaqayyo waan uume hundumaa raawwatee guyyaa torbaffaatti waan boqoteef, guyyaa
torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses.
⁴ Seenaan uumamuu waaqaa fi lafaa akka kana ture. Yeroo Waaqayyo lafa, bantiiwwan
waaqaas uume,
⁵ namni laficha irratti hojii hojjetu waan hin turiniif, Waaqayyo gooftaan amma illee bokkaa hin
roobsifne, huuxxiin bakkeetti argamu lafa irra hin turre, biqiltuun maasii keessaas hin biqille.
⁶ Bishaan¹ lafa keessaa ol ba'ee guutummaa irra lafaa in obaasa ture.
⁷ Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti
in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.
⁸ Yommus Waaqayyo gooftaan biyya gara ba'a-biiftuu keessaa Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in
dhaabe; nama isa tolche sanas achi keessa in kaa'e.
⁹ Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf ba'eessa
ta'an lafa keessaa in biqilche; mukti ija isaa nyaatanii jireenya namaaf kennu, mukti hamaa fi
gaarii ittiin beekanis iddoo dhaabaa sana walakkaa turan.
¹⁰ Iddoo dhaabaa sana obaasuudhaaf Eeden keessaa bishaan in burqe; bishaanichis achii ba'ee,
gargar hiramee laga afur in ta'e.
¹¹ Maqaan isa duraa Phiishon, innis guutummaa biyya Hawiilaa lafa warqeen jirutti naanna'ee
in yaa'a.
¹² Warqeen biyya sanaas ba'eessa; hapheen urgaa'u, Sardoniiksis achii in argamu.

111
¹³ Maqaan laga isa lammaffaas Giihon, innis guutummaa biyya Kuushitti² naanna'ee in yaa'a.
¹⁴ Maqaan laga isa sadaffaas Xegros, inni immoo fuullee mandara Asor gara ba'a-biiftuutiin in
yaa'a; lagni inni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
¹⁵ Waaqayyo gooftaan namicha fuudhee iddoo dhaabaa Eeden sana akka tottolchuuf, akka
eeguufis achi keessa in kaa'e.
¹⁶ Yommus Waaqayyo gooftaan namicha abboomee, "Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa
jiran hundumaa irraa in nyaatta;
¹⁷ ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa
irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta" jedhe.
¹⁸ Ergasii Waaqayyo gooftaan, "Namichi kophaa isaa ta'uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa
gargaartu, ani isaaf nan tolcha" jedhe.
¹⁹ Waaqayyo gooftaan biyyoo irraa bineensa bakkee hundumaaf, warra qilleensa keessa
balali'an hundumaafis bifa tolchee, maal jedhee akka inni isaan waamu ilaaluudhaaf gara
namichaatti isaan fide; wanti namichi uumama lubbuu qabaatee jiraatu ittiin waame hundinuu
immoo maqaa in ta'eef.
²⁰ Namichis horii qe'ee hundumaaf, warra qilleensa keessa balali'aniif, bineensa bakkee
hundumaafis maqaa in baase; namichaaf garuu kan akka isaatii, kan isa gargaartu hin
argamne.
²¹ Waaqayyo gooftaan namichi rafee akka of wallaalu godhe; utuu namichi rafuu lafee cinaacha
isaa keessaa tokko fuudhee iddoo isaatti foon in guute.
²² Waaqayyo gooftaan lafee cinaachaa isa namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee
namichatti in geesse.
²³ Namichis, "Amma reefuu ta'e; isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo
irraa fuudhame; isheen kun namattii waan argamteef, 'Namee' jedhamtee haa waamamtu!"
jedhe.
²⁴ Kanaafis dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana;
isaan lachanuus foon tokko in ta'u.
²⁵ Namichii fi haati manaa isaa qullaa isaanii turan, lamaanuun isaanii garuu wal hin saalfatan.
Uma. 3
¹ Bineensa bakkee Waaqayyo gooftaan uume hundumaa keessaa bofni caalaa haxxee ture; innis
dubartittiidhaan, "Dhuguma Waaqayyo, 'Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran
hundumaa irraa hin nyaatinaa!' isiniin jedhee?" jedhe.
² Dubartittiin immoo bofichaan, "Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa
nyaachuu in dandeenya;

112
³ garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa, Waaqayyo, 'Ija isaa irraa hin
nyaatinaa, isattis hin bu'inaa! Kanaa achi in duutu' jedheera" jette.
⁴ Bofichi immoo deebisee dubartittiidhaan, "Hin duutan;
⁵ isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii
beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka" jedheen.
⁶ Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta'uu isaa, ija namaatti kan tolu, ogeessa nama
gochuudhaafis gomjaasisaa ta'uu isaa argitee, ija isaa irraa kutattee in nyaatte; abbaa manaa
ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate.
⁷ Yommus lamaanuu iji isaanii in baname, qullaa ta'uu isaaniis in beekan; kana irratti isaan
baala harbuu walitti hulluuqsisanii marxoo isaa hojjetatan.
⁸ Kana booddee namichii fi haati manaa isaa yeroo qilleensi qabbanaa'aan qilleensa'utti
Waaqayyo gooftaan iddoo dhaabaa sana keessa utuu adeemuu sagalee dhaga'an; isaan
Waaqayyo gooftaa duraa mukkeetii iddoo dhaabaa sanaa gidduu in dhokatan.
⁹ Waaqayyo gooftaan garuu namicha waamee, "Eessa jirta?" jedheen.
¹⁰ Namichis, "Ani sagalee miilla kee iddoo dhaabaa keessatti dhaga'ee, qullaa koo waanan
tureef nan sodaadhe, nan dhokadhes" jedheen.
¹¹ Waaqayyos, "Qullaa kee akka turte eenyu sitti hime? Sila'oo ija mukichaa isa ani 'Hin
nyaatin!' jedhee si abboome sana irraa nyaattee ree?" jedhe.
¹² Namichis, "Dubartittii ishee ati naa wajjin akka jiraattuuf naaf laattetu ija mukichaa naaf
kenne, anis nan nyaadhe" jedhe.
¹³ Yommus Waaqayyo gooftaan dubartittiidhaan, "Wanti ati goote kun maal inni?" jedhe;
dubartittiinis, "Bofichi na sossobnaanan nyaadhe" jette.
¹⁴ Waaqayyo gooftaanis bofichaan, "Kana waan gooteef, ati horii hundumaa, bineensa bakkee
hundumaa keessaas abaaramaa in taata; ati garaa keetiin lafa irra in loota, bara jireenya kee
hundumaatti biyyoo in nyaatta.
¹⁵ Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni
mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita" jedhe.
¹⁶ Dubartittiidhaan immoo, "Yeroo ati ulfooftutti ani rakkina kee guddaa nan baay'isa;
ciniinsuudhaanis mucaa in deessa, kana keessaa immoo abbaa manaa kee in hawwita, innis
aboo si irratti in qabaata" jedhe.
¹⁷ Waaqayyo amma immoo namichaan, "Ati dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef, ija
mukichaa isa ani 'Hin nyaatin!' jedhee si abboomes waan nyaatteef, lafti sababii keetiif
abaaramaa in ta'a; atis bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta.
¹⁸ Inni qoraattiidhaa fi baalaanwaraantee siif in biqilcha, atis biqila lafaa in nyaatta.

113
¹⁹ Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti
hamma deebituttis, dhamaatee dafqitee buddeena in nyaatta" jedhe.
²⁰ Namichi Addaam jedhames haati manaa isaa haadha warra jiraatan hundumaa waan taateef,
maqaa ishee "Hewwaan" jedhee moggaase; (innis "Jiraattuu" jechuu dha).
²¹ Waaqayyo gooftaan Addaamii fi haadha manaa isaatiif uffata gogaa irraa hojjetee isaanitti in
uffise. Seenaan isaa bal’aadha Awwal kan immo afaanumaan sitti himuun yaala jedhe Imaanaa.
Awwal qalbii guutudhaan dhaggeefataa waan jiru fakkaata rakkoo hin qabu itti fufi jedhen.
Akkasiin Addaamiifi Hawwaan janta keessaa erga baafani boodaa horanii bayyatani lafa guutani.
Akkuma dhalli namaa lafa irratti baayyataa dhufeen cubbuun namootaa baayyata dhufee. Kun
immoo rabbiin baayyee mufachiisee. Sababa kanaafis waaqayyoo uumama lafa irra jiraan
hundumaa balleessuf murteesse. Bara sana nama qajeelaa maqaan isaa Nohii jedhamuu tokko
qofaa argatee. Nohiin waaqayyoo bishaan badisaan waan hundumaa balleessuf waanin jedhuu
atifi maatiin kee waan itti oolaan bidiruu qopheessi jedhe. Kana malees umamama hundumaa
keessaa dhalaafi kormaa dhalaaf kormaa godhee bidirichatti akka galchuu taasisee. Sana boodaa
bookkaan ulfaataan halkaan afurtamaafi guyyaa afurtama roobee umama lafa irraa hundumaa
balleesse. Kun hundumtuu sababii balleessa ilmaan namaa irraa kan ka’eedha jechuudha. Ergasii
Nohiifi maatii isaa irraa kaasani sanyiin namaa itti fufee wal horuu jalqabe. Ammas namnii
akkuma duraani cubbuu irraa deebi’uu didee balleessaa hojechuu itti fufee. Sana boodaa
waaqayyoo hoolaa mudaa hin qabneen gatiin cubbuu namootaa akka baasifamuu taasisee. Ta’uus
innis guutummaatti cubbuu ilmaan namootaa qulqulleessu hin dandeenyee jechuudha.
Waaqayyoo jaalala dhala namaaf qabu irraa kan ka’ee tokkicha ilma isaa gooftaa Iyesuusin
fayyisaa dhala namaa godhee gara biyya lafatti erge jecguudha. Kunis kan isatti amanu jireenyaa
bara baraa haa qabaatufi malee haa baduuf mitii jechuudha.Karaa dhugaan jireenyis isaan malee
akka hin jirree jala sararee ibseeraa jechuudha. Akkasitti waaqayyoo amma ilmaa isaa biyya
lafaa kennutti dhala namaatti jaalala bakka bu’insaa hin qabnee agarsiisee jechuudha. Gooftaan
Iyesusiin ofii isaa balleessaa tokko osoo hin qabaatin sababii cubbuu namootaaf dhiphatee
reebamee, fannifamee, du’ee gatii cubbuu ilmaan namootaa dhiigaa isaa qulqulluu mudaa hin
qabneen bitee isaan qulqulleesse. Gatii eenyumtuu namaaf baasuu hin dandeenye gatii qaalii
garuu bilisaan dhala namaaf baasee jechuudha.Akkasii gooftaan Iyesuus erga du’ee booda du’ee
achuumaan hin hafnee guyyaa sadaffatti arfii du’aa bittinsaa yaa du’a meerre gooftummaan kee
jedhe du’a mo’ee ka’e gara mirga waaqayyoo abbaatti ol ba’e jechuudha. Ol ba’ees akka achiin
hin hafnee warra isatti amananiif deebi’ee dhufee jireenya bara baraa akka isaaniif laatuu waadaa
galeefii deemee jechuudha. Kanaaf yaa obboleessa koo isatti amanii lubbuu kee badisa bara
baraa jalaa gara jireenyaa bara baraatti fidadhu sin jedhaa jedhe Imaanaan ija Awwal keessa
ilalaale. Awwalis yaadii kee sirridha jedhee yaada isaatti waliif galuu isaa ibseefi. Hasaa isaani
imaltoonni kaanis qalbiin waan qaban fakkaatu konkolaachisaa dabalatee. Konkolaachisaan
haasaa Imaanaatti waan dallanee fakkaata gurbaa nan afaan kee qabadhuu deemi ta’uu baannaan
shugguxxii kanaan asumatti biliq si godhee bosona gabbaa kana keessatin si gata. Irbaata
bineensaa ta’uu barbaadaanatti fakkaata jedhe. Haasaa isaa kana hordofanii imaltonni inni
sagalee jajjabaa Imaanaa irratti dhageessisuu jalqabni. Imaanaan namnii hunduu itti duluu isaani
hubatte ta’ee ta’uu baatees jedhee callisee sodaatee perperamuu hin dhaqne. Kun kanaan osoo
jiruu reefuu magaala somboo ga’uu jedhu aduun itti dhiyyaa jira. Magaalaa somboo geenyaan

114
imaltoonni baayyen achuma magaalicha fakkaatu konkolaata irraa bu’anii kara karaa qajeelani.
Konkolaatan duraan namaan guutuu turte amma namoota afur qofaatu keessatti hafee.
Konkolaachisaan sana afuriif jedhee yaayoo hin dhaqu yoo barbaaddan asuma bulaati boor
deema yookan konkolaata beddeleedha dhufuu dhabbadhaa eegadha malee jedhee dide.
Dhumarra falli gaafa dhibu. Innumti qarshii yoo naaf dabaltan sin geessu nan danda’a jedhe.
Silaas furmaanni waan hin jirreef qarshii dabalaniifi gara yaayyootti qajeelani.Konkolaachisaan
jimaa isaa alanfachaa waan dhufeef machaa’ee addunyaa biraa keessa waan burraquu fakkata.
Akkuma lugama konkolaata qabee jiruu iyyuu waan irranfate fakkaata. Konkolaata qileensaa irra
ishee kaasaa magaala yaayyootti dhiyyaaterra.Konkoolaachisaan duddubaatti morma isaa
nannesse
“Si haabbee? Sila maal jechaa turtee mee irra deebi’ii dubbadhu mee” jedheen.
Imaanaan sodaa qabaatus cal jechuu hin barbaanne “Iyesuus fayyisaa dhugaadha karaa jireenyaa
bara barati isatti amanaa inni jireenya bara baraa isiiniif keenna” jedhe. Yoo kana ariin
konkolaachisichaa waan dabalee fakkaata konkolaata isaa dhabsiise gurbaan na farreessufi
deemti jedhee konkolataa isaa keessa kokkee qabee darbatee gadi buuse. Qabeenya inni qabuus
itti gad darbatte Imaanaa otuu magaalaa yaayyoo hin seeniin karaatti buusee bira darbe. Biftuun
lixxee laftii sursuraa’ee jira. Fageenyaa irraa ibsaan magaalaa yaayyoo ni argaama. Magaalaan
yaayyoo gaawwaan bosonaan marfamtee waan jirtuuf bineensii bosonaa illee itti baanaan
Imaanaatti hammaachuun isaa waan ooluu miti. Imaanaan fala homaa dhabee dhabbattee
konkolaataa biroo egachuun waan hin yaadamneedha. Falli inni qabuu millaan deemee magaalitti
qaluu qofadha. Konkolaataan isaa boodeedhaan dhufuu harkaa itti bal’isee watwaatee kadhatuus
kan garaa isaaf laafa hin jiru. Sagaleen bineensootaa dhadhaga’amuu jalqabee. Sodaan
Imaanaatti wal funaanuu jalqabe. Amma tokko jiinni waan jirtuuf deemuufi isa rakkisuu baatus
biyya hin beekneefi bosonaa akkasii keessa qofaa ofii deemuun Imaanaaf qormaataa guddaa ture.
Mukeen gaggabaaboon dandii konkolaataa qarqara jiran yaadanoo isaa baraa ijoollumaa isaa isa
yaadachisani. Akkaas ture Imaanaan reefuu barataa kutaa shanii ture. Guyyaa ijjollee waliin
goodaa abuunaatti kubbaa taphataa turee aduu dhiisifatee gale. Loon mooraatti galchee galuuf
otuu loon to’achaa jiruu sa’aa isaani hambisee amma quftutti caffee laga babal’ii keessa hin galle
tokko horii keessaa barbaadee ishee dhabe. Sababa isheetti al baayyee reebamaa waan ta’eef
galee warra manaatti himuu hin barbaanne ofuma isaa dhaqee barbaaduu filate. Isaa irraan gadee
kattaa ishee xinnoo ga’uu laftii sursuraa’e dukkanaa’e. Itti fufee boosonatti seenee caafficha
lafaa sanii dheedhuu dandeessu dhaqee sa’a barbaaduuf sodaa bosonichatti seenuutu isa
yaaddesse. Dhiisee immo gara manaatti deebi’uuf qomonyofi araarsoon maasii keessa jiran akka
waan bineensaa ta’aniitti isa marsanii jiru. Yoo inni ol deemee waan ol deeman fakkaatu, yo inni
dhaabatee waan dhaabbatan fakkaatu. Yoo taa’e jarris taa’an fakkaatu akkasitti otuu wal’ansoo
wal qabu sa’atiin gara lamaafi qixxee ta’uuf jedha. Dhumarra Imaanaa fala dhabee akkasiin
rakkatu Hambiseen margaa ishee quuffatte irraa biraan baate. Galuuf jechaa jirti qorin ishee inni
boodaa isa ful duraa rurukutaa deemuu Qas ! qas! Qas! Jedhee deemu dhaga’ee yoo ofirra ilaalu
hambiseetu dhufee isa biraa ga’eera. Yoona kana dhugaa hin seene itti fiigee eegee shee qabatee
galuuf qajeele. Wantoonni inni sila bineensa se’ee soaatee ta’aa ture bineensaa osoo hin taane
mukaa qomonyoofi araarso turani. Mudannoo isaa kanaatti ofitti kolfaa Imaanaan loon
saassaabee dallaa looni cufee gara manaatti gale. Imaanaan akka durii gufuun yokaan dosoree

115
mukaan waan gowwomfamuu miti. Garuu akka inni yaadee miti hoomaan bineensaa dandiitti
ba’anii wal arii;anii taphaataan amma amma dandii irratti waan arguuf sodaan isaa dabalaa
deeme. Konkolaataan tokko dhufaa jiraachuun isaa sagaleen hursaa isaa ni dhaga’ama. Imaanaan
akkuma ta’u ta’ee konkolaataa kana of bira dabaarsuu akka hin qabne of amansiisee. Harka
bal’isee duukaa fiigee isa kadhaate. Gargaaraan konkolaata morma isaa karaa foodaa gad
baafatee jiru akka bakka hin qabne itti himuu yaalee Imaanaan garuu didee itti watwaatee.
Homaa garaa laafuffi hin dandeenye bira kutee darbee. Harmeen Cortuu aadde Gaarummen
afachuu jedhani mayyini gurbaan konkolaata duukaa figuu Imaanaa fakkaata’oo jedhan. Cortuun
taraf jettee kaatee sagalee Imaanaa jedhu dhageesse isa harmeen ishee jedhan. Cortuun gudeedaa
harmee isheetti jette ciisaa turte duraan amma ol jette male. Harmeen ishee
“Gurbaa tokko konkolaata kadhaataa ture Imaanaa natti fakkaatee” jedhani. Cortuun garaan ishee
raafamee karaa fooddaa mormaa ishee gad baaftee ilaaluu yaalte. Fageenya irraa daandii
walakkaa namnii deemaa jiraachu isaa malee enyuu akka ta’e baruu hin dandeenye. Morma ishee
deebifattee
“Harmee yoona Imaanaa hin dhufnee ta’innaa? Jetteen.
“Yoonaa dhufuu hin ooluu barnoonni jalqabuuf jedha miti., mee bibilluufi” jedhanii bilbila
isaani fudhanii bilbilani. Imaanaan dandii qabatee deemaa jira bineensaa isaa hordofee deemuu
barbaaduu dhagaadhaan ofiirraa faccisaa. Bilbilli isaa iyyinaan kiisha isaa keessa ol fudhee yoo
ilaa harmee Cortuuti.
“Heloo”
“Heloo Imaanaa akkami nagaa keeti?”
“Nagaa galata rabbii.akkami harmee Cortuu nagaa keessani isin?” jedhe deebiseefi.
“Nagaa keenyadha akkami Hurrumuutti hin deebinee?” jedhanin/
“Kunoo otuun dhufaa jiru konkolaatan tokko karaatti otuu yaayyoo hin galaiin karaatti na
buufteen rakkachaa jiraa” jedheen.
Yoona kana harmeen Cortuu “maali” jedhani mataa isaani qabatanii. “mucaan amma daandii irra
dhaabbatee konkolaataatti harka bal’isaa ture sidhaa?” jedhaniin.Imaananis akkamiin akka isa
arguu danda’ani bitaa itti galee “eyyee” jedheen. Cortuufi harmeen ishee adaadaa Cortuu bira
magaala beddelee boqonnaa gannaa achitti dabarsanii isaani reefuu gara hurrumuutti galaa otuu
jiraniiti kan isaan Imaanaa daandii irratti argan. Konkolaataa inni itti watwaatee kadhaata ture
keessa turani.Jabaadhuu amma yaayyoo galuu geessetta achii buliitti ganama koottu jedheni
bilbilaa isaani cufatani. Cortuun kana dhageesse garaan ishee raafamee himimmaan ija ishee
callalee maddi ishee irra kolol jedhe. Akka harmeen ishee irraatti hin barreef suta jette barruu
harka isheen ofirraa haxoftee. Imaanaan konkolaatan fe’umsaa tokko dhufnaan harkaa itti
bal’isee. Konkolaachisaa dhaabeefi “ful-duraa bakka hin qabnu akkamiin si gargaruu
dandeenya? irra keessa immo barbareefi soogiddatu fe’amee jira achii siin mijatu? jedhani.
Imaanaan “homaa hin ta’u irruma keessa amma yayyootti nan yaabbadha” jedhe. Tole akkasiin
otuu barbaree isa gubee of irratti meeqa isa haxxifachiisuu yaayyoodhaan ba’e. Achii ga’ees

116
abdii hin kutanne dandii gubbaa dhabbatee tasa yoon konkolaata argadheef jedhe eeguu jalqabe.
Bayyeen isaani baratootaa yuniversitti mattuu deemani fe’anii waan dhufaniif kan dhaabbatu hin
jiru hunduu fiiganiima darbuu turani. Dhumaarra isaa abdii kutatee jiru konkolaataan tokko suii
tokkotti goree dhaabbate. Baratootaa baayyeen konkolaata sodaatani garaati waan isaan ol
deebisuufi peestalii isaanif ta’uu fixnaan bitachuu barbaade dhaabbate konkolaatichi. Imaanaan
figee dhaqee biraan ba’e. Gargaaraan bakka hin qabnu jedhee isa didee. Korojoo uffata isa irratti
arganii baratoonni konkolaaticha keessa jiran “maloo galchiin innis barataadhuma akka
keenyaati” jedhani. Bakka ta’uu hin qabu jedhe ammas Konkolaachisaan itti dabalee. Barattoota
keessa tokko “rakkoo hin qabuu galchiin amma mattuutti jilba koo irraa haa taa’uu an nan
baadhaan” jette. Imaanaan akkasiin halkanuma sana magaala hurrumuu ga’ee konkolaataa irraa
bu’e gara manaatti qajeele. Hulaan balbalaa cufamee jira. Kana boodaa namni dhufuus jira
jedhee kan shakkee hin turre. Hulaa cufaa ta’uu isaa mirkaneefatee Imaanaan hulichaa rurukute.
Akka bilbilee Wasilaa isaa Annisaa hin waammanneef bilbilli isaa duraa chaarjii cufateera.
Dukkana keessa ibsatee deemaa waan tureef. Cortuun sagalee hulaa rurukutamaa jirtuu
dhageesse banuuF dhaqxe. Ishee dhaa hulaa banuu Imaanaatti baatee amanuu dadhabdee itti
maramtee. Wal hammatanii wal dubbisani. Keessumaa halkan sana namni isaan arguus
salfataniis waan hin turree maddii walii walii isaani keessa wal dhudhungatani. Cortuun akkuma
Imaanaa dubbistee kaateen haxxifachuu jalqabdee. Barbaree inni ittin ulamee tureetti isa irraa
ishee haxxifachiisuu hin oolle.Harmeen Cortuus gad itti ba’anii nagaas gaafatanii waan isa
mudatees gaafatanii boor haasofna huundumasaayyu jedhani. Imaanaan gara mana isaanitti
qajeele. Cortuunis teellaa isaa jirti. Annisaan taa’ee jira akka Imaanaan karaa jiru quba waan
qabuuf Guutuun immoo mucaa rafiftee achumaan shillib jetteetti. Cortuufi Imaanaan walii
wajjiin akka waan dhufanitti dhaqanii Annisaa nagaa gaafataniin boodaa waan jiruu tokko
lamaan haasa’anii irbaannis Imaanaafi dhiyyaate nyaachuu jalqabe. Annisaa hoodadha kun
jedhee waan Imaanaa mudatetti garaan isaa gaddee hirribi ija isaa irraa badee.
***********************************************************************
Cortuun ganamaan kaatee Imaanaa barbaacha dhaqxe. Inni hirribaayyuu hin dammaqne ture.
Dhuftee manatti ol seentee Guttuudhaan
"Imaanaan hin kaanee ?" jettee gaafatte.
"Hin kaanee dadhabeeraa natti fakkaata, kaleessa millaan deemaa waan tureef xiqoo boqote
ofumaa haa dammaqu jedheetan anu ciree qophessee isa eegaa jira" jetten Guttuun haatii warraa
wasiilaa isaa Annisaa. Cortuun dammaqsu malee jette lafa Imaanaan ciisee jirtutti dhaqxe. Uffata
fuula isaa irraa ol qabdee ilaaltee. Of gatee rafaa jira of hin beekuu ture. Cortuu yoo kana
gammaddee "naa toleyyuu ariikoon isa bahadha" jettee of keessatti gumgumte. Gaashaan isa inni
ganama ganama qirqiddaan hirriaa ishee kaasu sana har'ammoo arii ishee bahachuu barbaaddeeti
fakkaata.Otuu Guttuun dhisii Cortuu jettee kadhattuu bishaan buddukfattee fulaa isaatti dirgim
goote akka qeessi yeroo ayyaana cuuphaa amantoota cuuphutti. Imaanaan yoona kana akka
addunyaa hirribaa keesse wareeree utalee ka'e. Hafurri isaa cituu cituu ga'a naasuu irraan kan
ka'e. Hirriba keesse waan tureef ijaajjuu dadhabee akka nama machaa'ee gatantaree. Akkasin si
godha waan na gochaa turte dachaatinan siif baasee jette Cortuu dhabbatee kolfa tiktik gooti.
Imaanaa reefuu tapha ta'uu baree atimo jedhee ishee qabuuf faana ka'e. Cortuun sababii kolfaan

117
harkaa ba'uu hin dandeenye. Ishee qabee amma ishee ficaan buusuu geessutti qirqiddaan ishee
kofalchiise. Abdiin ilmi Annisaa waca isa
anin dammaqee ka'e. Cortuufi Imaanaa tapha isaani addaan kutuuf dirqamani. Cireeen dhiyyaate
Abdiin galgala Imaanaa otuu hin argiin waan rafee tureef isa arginnaan Imaanaan jilba isaatti isa
baatee Ciree nyaachuu jalqabani. Cortuun cinaa Imaanaa teessee jirti. Guttuun fullee isaanin.
Abdiin Imaanaatin baate jira. Abdiin surree uffatee waan hin turreef Imaanaa irra dabarssee
Cortuutti fincaan isaa qererse. Cortuun yoo kanee uyii natti fincaa'ekaa jettee washakkatte.
Imaanaa kolfee " ishoo! ishoo! maaf bishaan natti naqxe ati?" jedhe. "Argite mitiree? dhirri
akkasi. otuu durba taate narratti fincoofti ture amma garuu narra dabarsee sitti fincaa'e" jedhe
gaashaan akka dhiraa jajachuu isaati.Cortuun "durbii immoo akkami?" jette haasaa isaa harkaa
fuutee. "Otuu durba taatemmaa ana irraati fincoofti turte" jedhee deebisefi. Akkasiin guyyaa
guutuu waliin taphachaa turani galgala keessa qileensaa fudhanna jedhani waliin ba'an. Mooraa
keessaa hulaa isa oliin ba'anii harka isaan wal qabatani qubaa harkaa wal wal keessa
huhulluqsani qajeelan. Imaanaafi Cortuun akkasiin waliin deemuun haaraa hin turre namoota
baayyeettu walii wajjin deemuu isaani arga. Hasaa isaani waan ho’ifatan fakkaatu hiriyoota
isaani isaan dubisuu halaala irraa harka itti qaban illee waan yaadatan miti. Yoo fulaa fula itti
dhufanii isaan dubbisan male.Akkasiin sutaa akka deemsa qocaa otuu tiratanii jimaateedhan
ba’ani. Ergi jimaateen ga’anii dugda duuba mana barumsaa hurrumuu dajanii ga’uun isaani waan
oolu miti. Cortuun turtiin ishee maal fakkaachaa akka ture tokko lamaan gad fuutee ol fuutee
Imaanaatti odeessaa deemti.Akkuma amala isaani tabbarra taa’anii konkolaataa Yaayyoo irraa
Magaalaa hurrumuu seentu akka waan lakka’aniif ajajii bulchiinsaa aanichaan itti kenname
qarreerra taa’anii asiin gadee ilaalu. Wal cinaa taa’anii jiru. Cortuun harka isheen jilba Imaanaa
irra ciqilfatte jirti. “Boqonnaan akkam ture si biraaho? Akkamiin dabarsaa turte?” jettee gaaffii
isaaf dhiyyeessite. Imaanaan “akkuman biyyatti galeen abbaa koo qonnaa gargaaruu egale.
Achiin boodaa biqiltuus dhaabaan ture. Kunoo mee ilaalii harka koo” jedhee barruu harka isaa
itti agarsiise. Cortuun harka Imaanaa hojiidhaan dhudhubbee ququnca’eeruu argitee garaan ishee
gaddee “Uu! Uu! Miidhamteettaa atoo Imaanaa” jette ija jaalalan isaa ilaalte. Imaanaan haala
ishee irratti baree daddafee gara taphaatti jijjiruu kajeele. “Ganna kan biraa immoo maalfaan
hojjeteaa ture beekta?” Loon tiksaa. laga loon tikfamanitti immo tapha baayyeetu taphatama
akkatti sitti toluu dhugaa sitti himuu hin danda’u. Kana malees yoo lagatti beeloftee ija mukaa
nyaataman waan barbaadde nyaachuu dandeessa, Fakkeenyaaf goraa, hagamsa, baddeessaa,
goosuu, qagii, haanquu, komshoo fi kanneen biro jechuudha”. “Tapha immoo maal maalfaa
taphattuu?” jette Cortuun gidduu galtee. Taphni gosa baayyeetu jira. Bishaan daakaantin alatti
shunkuluulleen jiraa, saddeeqa taphachuu dandeessa kana malees mucuceen jiraa, dhokachoon
jiraa sheenkees yoo barbaadde tapachuu dandeessa. Akkasuma illee loon laga loon tiksaatti jiru
illee tapha keessaa waan tokko jechuu nan danda’a jedhe. Mee taphoota ani dhaga’ee hin
beeknefatu jira akkam akkamiin akka taphataman natti himi mee Imoo jette Cortuun.
Qalbiidhaan haasaa isaa dhagefachaa jirti. Shungululleen hidda mka irratti rar’aee jiru qabatee
isa itt shunkulullatte taphattudha. Cortuun mataa ishee raaftee.waan inni jechuu barbaadee waan
galeefii fakkaata. Saddeeqi cirrachaan dhagaa irratti boollii saddeeqaa qopheeffamee kan
taphatamuudha. Cortuun hii jette akka inniibsa bal’aa kennuui waan barbaaddu ta’uu hin ooltu.
Imaanaa haanxaa mukaa tokko lafaa fudhee lafa irraatti bool’a saddeeqaa tolchee siraafi akkaataa
taphaa saddeeqaa itti ibseefi. Cortuun ilkaan ishee akka aannanni addaatan tooraa galanii jiran

118
sana bisiq gootee taphichaa jaallachuu ishee agarsiisuu barbaaddeeti. Kan itti aanuu mucuceedha.
Mucuuceen lafa irraan gadee irraatii lafti soqamee bishaan irra dhangalaafamee yookaan
dhokkeen sa’aa itti itti dibamee muka yookaan gudeelcha irra ta’an qopheefatanii akka
konkolaataatti isa taphataniidha. Dhokachoo beekta garuu akkataa inni naannoo keenyatti
taphatamuu siif ibsuu jedhe. Cortuun nyaara ija ishee sochoostee akka ibsuufi fedha qabaachuu
ishee mirkaneesiteefi. Akkasidha taphichi. “ Amma miseensonnitapha dhokachoo hundi jaraa
dhokatanitti inniiwarra dhokatan barbaaduu immoo ni dunuunfataa yokaan ija isaa ni jaamfta
jechuudha. Yeroo kana warra dhokatan keessaa namni tokko iji haa dhibuu jedhee kakasisaa
jechudha. Kunis akkamiidha beekta jedhe. Cortuun hii jette sagalee lafaa sanan.
Iji haa dhibuu? haa dhibu
Iji haa dhibuu? haa dhibu
Hanaqaaquun duudaadha? Duudadha
Yoo ilaaltee si haa duuchuu? Naa duchuu Jedhee kakataa jechuudha inni dununfatee jiru. Sana
booda hunduu deemee dhokata. Achiin booda amma immo dabaree isaa inni dununnfatee jiru.
Barii’eera jedhee gaafata. Yoo warrii dhokatan hundi dhokataniruu ta’e bari’eera jedhuu. Hundu
dhokatee bakka hin qabanne taanan garuu hin bariine jedhuu jechuudha.Bari’uu isaa yokaan lafa
dununfatee jiruu ka’ee barbaaduu isaa kan inni ittin mirkaneefate miseensota dhokatanii jiran
keessa kukuluuluu yoo jedhe dhaa akka kormaa handaaqqo jedhe. Cortuun yoo kana kan isheen
kolfa futtaafatte taphichiis ishee ajaa’ibuu hin oolle. Akkam namatti tola dhugaa jette Cortuun.
Gara biraa bishaan dakaa isa waan walalatu miti jedheen. “Ati bishaan daakuu ni dandeessa?
jette akka dinqisifacuu tokko taatee Cortuun. “Marre maal jechudha mucaa horro miti ani
jedhe?”. Dhageessee hin beektu sirba Dawwitee Mokonnon
Ijoolleen biyya keenyaa ganna ga
nna daaktuu bishaanitti ganna ganna daaktuu bishaaniti
Ijoolleen fincaa’aa horroo ganna ganna daaktuu bishaanitti ganna ganna daaktuu bishaaniti.
Shaggituun bara amma nama hin yaaddu nyaattu midhaaniti nama hin yaaddu nyaatu midhaaniti.
Yeoo inni jedhu jedhe. Cortuun silaa dubbiin takkaatti isheef gala akka ijoollummaa ishee miti.
“Shaggituun bara amma maaf nama hin yaadduree?” jette Imaanaatin. “An beekaree? ati amma
na yaadeetta?” jedhe gaaffi gara isheetti deebise. “Lakki” jette Cortuun. Imaanaan garaa isaatti
mufatee “kunoo kaa dhuguma isaa jedhee Dawwiteen” jedhe. “Imaanaa ati na yaaddetta garuu”
sagalee Cortuutti. Imaanaan qalbii saassabbate qubootaa Cortuu alangaa soobii fakkaataan sana
barruu isaa waliin walitti bubuusaa. “Cortuuko dhugaa dhugumasaa sitti himuuf guyyaa tokko
osoo sin yaadiin oolee bulee hin beeku.Inumaayyu otuun si yaadee qalbiikoo tulluu yaadaa
yaabee qaari’uu guyyaa meeqan Cortuu jedhee si waamee” Jedhe. Cortuun “Dhugaa” jette
kolfite. Dhugaa jedhee Imaananis barruu harka ishee rukutee kakateefi. Anis dhugaa Imaanaa
gar-maleen si yaadaa keessuma isa ati ganama ganama dhuftee na qirqiddee hirribaa na
dammaqsitu akkatiin yaadeeru sittu himuu hin danda’u” jette. “Kan biraa immoo isa bishaani
waraabuu laga wanxee dhaqne shonkoraa nuu bitte waliin laga nyaata gallufaa jette. Imaanaan

119
yaadaan waan badee fakkaata harka ilmaan wal keessa galchee jilba isaarra kaate jira. Cortuunis
callisteetti lammanu dudduubatti deebi’anii galaana yaadannoo waan daakaa jiran fakkaatu.
Gidduudhaan Cortuun Imaaana aduun nutti dhiyyaa jiraa jette Imaanaas galaana yaadannnoo
keessaa isa dammaqsite.Cortuun lafa teessuu kaatee dhaabbatte inni achuma ta’ee asiin ol ishee
ilaalee rifeensii mataa ishee dhufee dugdaa ishee gad dhangala’ee mudhii ishee bira ga’eera.
Qubootaa harka isaa ka’ee dhaabbate gadi filaaleefi dhirinaa isaa rifeensa ishee of keessaatti
ajaa’ibsiifate. Cortuun kaleessan hojjetadheera mucaa adaadaa koo walii jette. Imaanaan akkuma
quboota isaa gad filaa turetti harkaa isaa saggoo ishee irra dabarsa ishee hammate. Cortuunis hin
morminaa. Ishee hammachuu isaatti waan gammadde fakkaatti male. Otuu fuulli ilkaan qabaatee
silaa kolfi gammachuun ishe ni mul’ata ture.Guyyaa kanaa kaasee Imaanaan Cortuu hammatee
deemuun seeraafi heeraan waan isaaf mirkanaa’e itti fakkate.
Barnoonni jalqabameera. Cortuufi Imaanaanis wal’ansoo isaani jalqabnii jiru. Keessuma
Imaanaan bara sana qormaata biyyooleessa waan qoramuuf qophii guddaan akka isa eeggatu
shakkii hin qabu. Cortuunis baratuu kutaa shanii waan taatee akka durii osoo hin taanee yeroo
dubisaa ishee dabaluu akka qabdu hubachiisera.Barnoonni eegalamee baratamuun jalqabamuus
filannoon biyyaalessaa bara 2007 baricha waan gaggeeffamuuf sosochiin diddaa garbummaa
bakka bakkatti dhohuun isaa beekamadha. Baratoonni mana barumsaa hurrumuus qodaa isaani
hiriiraa mormii ba’anii sagalee isaanii dhageesisaa jiru. Keessumaa Oromia Media Network
(OMN) hojii qabsoo dadammaqsuu hojjeechuu jalqabeeru odeeffaannoo saffisaan tatamsa’e akka
waliin ga’uuf qooda inni ba’ataa ture eenyum jalaa iyyuu dhokataa hin turre. Imaanaa siyyaasaan
dagatees barnoota isaa laaffisuu hin akka hin qabne Annisaan isa akeekkachiisee jira. Kitaabilee
garaagaraa deeggaramee qayyabannaa isaa itti fufeera. Yeroon Imaanaan barruulee isaa irraa
adda ba’ee jiraatu yoo jiraate si’a Cortuu waliin wal argan qofa. Cortuun akka durii miti amallii
saal-lammeessoo irraa mul’achuu jalqabaniruu. Sagaleen ishee qalatee kiilolee fakkaata. Hojjaan
ishee dheerate leemmanuma taateetti yoo dhaabbii silaa lookodhuma. Guntunni ishee garaanaaf
garasiin akka xaafii tuullaa tolee wal cinaatti ba’anii fiixee qara eeboo fakkaatu. Yoo deemtuu
koomeen ishee Qash! Qu’a! Qash! Qu’a! jechaa dabaree dabaree wal dursu. Mudhii ishee yeroo
miilla fuutee deemtu waan cituuf cituuf jedhan namatti fakkaata. Imaanaafi Cortuun akka waatii
haadha argattee itti figdee dhaqxee haadha jala buutee muchaa qabattuu barumsaa gallaan hojiin
isaanii jalqabaa wal argani waliin haasa’utti fiigu. Waliin taphataa turani akkuma isaatti yoo
addaan baanis qalbiin isaani wal irraa addaan hin ba’u. Keessumaa Imaanaa waan dubbisaa jiruu
isatti fakkaata malee waan dubbisaa jiru tokko hin qabu. Sammuun isaas akka durii erga
qabachuu dhiisanii bubbulaniiru. Imaanaan akka godhuu dhabee malee akka jaalalli Cortuun
onnee isaa seenaa gutummaa qamaa isaatii booji’eruu ofirratti waan baredha. Cortuunis akka
durii tapha qofa gidduu galessaa godhatte waan isaa arguuf jarjartu hin fakkaattu. Imaanaa
argitee waan taphachuuf kuftee kaati. Kana durii caalatti itti dhiyyaachu irra darbitee otuu isaa
waliin oltee bultee waan nuffitu hin fakkaatu. Imaanaan haalli Cortuus kan duraa irraan adda ta’e
ittti mul’achuu jalqabe. Kanaaf akka jaalala ishee booji’amee jiruugurra busuuf ka’e deebisee
dhiisa. Lakki lakki yoo nan jaallatu ta’eeho? Akkuma durii ishee obbolleessummaadhaaf natti
siqatti taanan maaliin godha? Boo ittan hima waa malee Cortuun akkanatti natti hin dhiyyaanne
na jaallachuu hin oolle jedhee immoo of jajjabeessa afaanii baafachuu ka’e jedhuu dhisuu jedhuu
dhiisuu jedhee akka nama nama biraa waliin mari’atutti taa’e qophaasaa isaa of marii’ata. Lakki
lakki natti haa hafuu yeroon jaalaalaf yeroo sirrii miti kanaafuu natti haa hafu. Harmeen ishee

120
akka ilmoo isaanitti gaaf tokko Cortuu irraa adda baasani na ilaalanii hin beekani maal jedheen
ija isaanitti ba’a? An nan badee! kun salphina dha baa! Salphoo soqolatte soqolaa gargaaruu
jedhan jedhee waan yaadee hunda dhiisee hudduu duubatti deebi’a. Akkasiin Imaanaan ramacii
jaalalaan gubamaa barbaadaa isaatin waadamuun akkuma itti fufetti jira. Cortuunis yennaa isa
argitu waan qabdee gadhiistu wallaalti. Akka jabbii calacoo gooranaa baatee burraqi burraaqi
ishee godha. Otuu wal hin argiin waan oolanii bulan hin fakkaatan. Imaanaan sababuma tokko
Cortuu otuu hin argiin oollaan dubbisis isa jibbisisee ta’ee gommaa akka kootaa jaldeessaa
busaan qabee. Akka nama araadaan qabuu ammaa amma hamummata. Isheenis akkasuma.
Imaanaan wasiloota isaa dubbisuuf magaala mattuu yoo dhaqqu amma inni deebi’ee dhuftutti
qara qara ilaaltii. Sagalee isaas dhufinnaa jettee gurra qeensitee dhaggeeffatti. Imaanaan mattu
wasiilota isaa dubbisuu yoo dhaqu dafee hurrumuutti hin deebi’uu guyyaa lama sadii bulu malee.
Keessuma mucaan wasiilaa isaa Hamilee isa hin gadhiistu. Akka lubbuu isheetti isa jaallatti. Yoo
inni dhufu isa waliin dirree kubbaa miilaa hambaa irra sayikiliifi doqodoqqee ofuun dabarsuu.
Kana malees waliin bashannana yoo dhaqaan eessa ooltani jedhanii maatiin akka itti hin
dheekkamneef gaachana walii turani. Galgala galgala sa’atti kudha tokkon boodaa Imaanafi
Haamileen manaa ba’anii karaa dirree hambaa goranii irraan gadee mayikiroo bu’anii ba’anii
totaalittiin ba’u. Achiin boodaa millaan amma handhuraa magaalaa mattuu adda baaba’ii kiiloo
afuritti deemuu. Takka takkas bajaajiidhaan qarshii tokko tokko kaffalanii achiin ba’uu. Takka
magaala keessa irra naanna’anii jappanii isaani bitatanii chiffachaa karaa hootela seenaatin
daandii buufataa fayyaa magaalichaatti geessu qabatani qajeelu. Dandiichi amma dirree
hambaatti fulla’a. Achii ergi ga’ani shonkoraa dandii irra gurgurtaaf qophaa’ee dhuka lamaan
tokko bitananii isaa alanfachaa aduu dhitee lafa sursuraa’uu manatti deebi’u. Imaanaan waan isa
dhiphisaa jiru oboleetti isaa mucaa wasiila isaa Ittaanaa Haamilee gurra buuse. Wal sodaachufi
wal dhoksuun isaan lachuu gidduu hin jiru. Lammanuu waan garaa isaan walitti himuuf wal hin
sodaatani. Haamilee shammarre hubattuufi ogeettidha. Isheen bara sana mana arumsaa
tekinikadhaa barattu turte. Imaanaan akka jaalala Cortuun gidirfamaa jiruu haala isaa irraa waan
hubatte qabaachuu hin ooltu. “ Ilaa obboleessa koo jette Haamileen harka ishee saggoo isaarra
dabarsitee isa hammattee. Yeroon kun nuuf yeroo jaalala itti eegallu miti keessumaa immoo
imaanaa maatii keenyaa nutti laatani dhiifnee gara kanati goruun nurraa hin eegamu. Hundu
yeroo qaba yeroo isaa malee wanti ta’u hin jiru. Fakkeenyaf qonnaan bulaan tokko midhaan
facaasee otuu waktiin midhaan itti bilchaatee sassabbiidhaaf ga’u otuu hin ga’iin nan beela’e
jedhee midhaan sana haamee dha’ee calleesse ija irraa argachuu nii danda’aa ?” jettee callistee
Imaanaa ilaalte isa dhageeffate. Imaanaan gaaffi ta’uu isaa baree “lakkii ija irraa argachuu hin
danda’u” jedhee deebiseefi. “Sirrii jette. Otuu ammam beela’eyyuu ija irraa argachuu hin
danda’u inumayyuu yeroo isaatti ga’ee ija isaa akka dhabu isa taasisa male. Kanaaf atis yeroon
kun yeroo itti addunyaa jaalala keessa seenun siif ta’u miti sichi waa meeqatu si eeggata. Waan
nama dhibu immoo bara kana kutaa kudhanaffaa xumurraan bara dhuftu magaalaa hurrumuutti
barachuu dhiisuu ni dandeessa. Yokaan as mattu nu bukkeetti yookis horrotti galtee saqalaatti
barachuun kee dirqama. Manni barumsaa qophaa’inaa magaala hurrumuu waan hin jirreef
jechuudha”. Imaanaa haasaa ishee addaan kute “bara dhuftu 2008’tti kaasee manni barumsaa
qophaa’inaas banamuu akka danda’uu odeeffama jira”jedhe. Ta’us achitti carraan barachuu kee
dhiphaadha. Sababiin isaas mana barumsaa haaraa reefuu egaluu waan ta’uufu hanqinoota
bu’uraalee barnoota qabaachuu ni danda’a. Kana malees otuu amma mucaa kana waliin jaalala

121
eegaltani akka tasa immoo Annisaan yokaan maatiin Cortuu jijjiirraa hojiidhaan bakka biraa
galan maal gochuu dandeessa? Essatti ishee argachuu dandeessa? Otuu hin jaallatiin wal irraa
adda baatan moo hin baane? Yeroo wal irra addaan baatan kana immoo maaltu beeka isheen
yookan ati jaalala nama biraan booji’amuu dandeessumoo hin dandeessani? Kana naa deebisi
jette Haamileen gaaffii toora tooraa naqxee akka gaazexessaa guyyoo wariyoo kaabinoota bara
mootummaa wayyaa waltajji irratti gaaffi akka bakakka qaqawweessi isayyu naasuudhaan
dugda nama kutuu itti roobsaa turee Imaanaaf dhiyyeesite. Imaanaan dhugumayyuu waan jedhu
fakkaata sammuu isaa keessa deddebisee xinxaluu eegale. Waan Haamilee obboleettin isaa isa
gorsite amanee fudhachuuf dirqamee akka itti ulfaachuu danda’u beekus. Kanaafis akkuma
mattuudhaa gara Hurrumuutti deebi’een tarkanfii hadhooftu of irratti fudhachuuf murteeffate.
Kanaafuu tokkoof tokko akka akka ishee jaallate jiru itti himuu akka hin qabne of amansiise.
Darbees walitti dhufeenya Cortuu waliin qabu laaffisuu irratti fulleffate. Guyyaan isaa roobii ture
akkuma mana barumsaadha galeen baruulee isaa fudhatee bosona wanxee keessa seene
dubbisuuf balbala cufee qajeele. Yeroo inni balbala cufee ba’u barsiistuu Obseen argaa turte.
Cortuun mana barumsaatti galaa jirti mana hin geenye male. Akkuma Imaanaan mooraa keessaa
ba’een Cortuun karra isa oliin dhuftee mooraa seente. Lamman jaraayyu wal hin argine. Cortuun
akkuma amalashe barrulee ishee mana buuftee Imaanaa baraacha dhaqxe balbala rurukutee
balballi cufaa taanaan.
Kuwa! Kuwa! Kuwa! Kuwa! Gootee Imaanaa banii ana Cortuudha jette. Waan keessan cufatee
jiru isheetti fakkaate. Al baayyee keessaan cufatee akka nama mana hin jirreetti hafuuraa isaa
dhokfatee dubisuu jaallata waan ta’eef. Ammas irra deddeebitee rurrukuttee dadhabde. Barsiistuu
Obseen mana keessa mucaa itti harma itti qabdee hurursaa turte raaffisuuf jettee. Mucaan
waamicha Cortuun Imaanaa waamaa jirtuun isa rafuuf jechaa jiru jeeqame duraa dammaqnaan
Cortuutti gad baatee “Imaanaa ba’uu hin oolu manaa mee ilaalii balballi cufaadha mitii
bakeedhan? Jette. Dhugumayyuu Cortuuttu hin qalbeeffanne malee bakkeedhan cufamee
jiraachuun isaa ni barama ture. Ofirra deebitee manatti seente dugdaan galtee sirre gubbaa ciifte
remooti tv hiixattee fudhatte. Duraan Imaanaa waliin laaqana kan lamaan jaraa walitti dabalani
bakka tokkotti nyaatu turani har’a of biraa isa dhabnaan isheetti hin tolle fakkaata. Daqiiqaa
muraasa booddee akka shillib ta’uu tokko taatee achumaan hirribi ishee fudhatee rafte. Imaanaan
akkuma manaa ba’een buufata fayyaa dandii olitti hambisee kara fullee waldaa warra wangeelaa
Abbaa Gammachiis cinaadhaan dandi qabatee gad bu’e bosona otuu laga wanxee hin ce’iin
bosona seenee gaaddisa muka hambabbeessa tokko jala ta’ee dubbisuu eegale. Giddu giddutti
yaadaan badee badee deebi’a. Wantii inni dubbisaa jiru wal isaaf qabachuu dinnaan kitaa
herregaa fudhatee dhaqee dubbisuu jalqabee. Amma isaaf wayya gaffilee irra deddebi’ee
hojjechuu egale. Cortuun hirriba ishee buqqessaa otuma jirtu beelli ishee dammaqsinaan hirribaa
kaatee buddeena cabaa tokko fudhatte nyaachuu eegalte. Giddutti yoonaa dhufuu danda’a
tee’inna Imaanaan jette kaatee qajeelte. Imaanaan ammayyuu manatti hin deebine. Waan mufatte
fakkaatti dallantee ofirra deebite balbala mana isaani cufte gara safara addaraasha ijollee waliin
taphattu barbaacha deemte. Imaanaan sa’atiin barnoota galgalaa isaa itti geenyaan laga wanteetii
deebi’ee dhufaa jira. Barsiistuu Obseen balbala teesse mucaa harma hoosisaa jirti. Imaanaan
akkuma dhufeen mooraa seeneen “ Sii haabbe ? Essatti baddee dhufta? Cortuun dhuftee al
meeqaa dhuftee si waamaa turte. Mayyinni ati mucaa akkana gootuu ija lafa jalaan isaa ilaalaa.
Imaanaan akka barsiistuu Obseen durumaayyu isaan shakkitu waan beekuuf akka saalfachuu

122
ta’ee balbala mana isaanii banatee ol seene. Barruee isaa fudhateeqajeele. Amma dhiyyooyyuu
dhuftee turte mee achiin gorii itti mul’adhuu darbi maalif mucaa rakkista?” jetten. Imaanaa
akkuma Obseen jette gara mana Cortuufaa dhaqee Cortuu Cortuu jedhee al lama erga waameen
boodaa balballi cufaa akka ta’e aree dhiisee gara mana barumsaatti sokke. Cortuun tapharra turte
yoo galtuu Imaanaan mana barumsaati hin deebine ture. Durumaayyu itti dallanuu hin ooltu yoo
dhufuu akka karaa mana isaanii goruu waan beektuuf nan rafa jette harmee ishee daftee irbaata
ishee nyaatte siree yaabdee xaxatte rafte. Imaanaan akkuma isheen shakkite dhufee balbala irra
dhaabbatee Cortuu waamee. Harmeen ishe addee aarummeen “rafteetti Imaanaa” jedhani. Tole
yoo nagaan bulaa jedhee gara mana isaanitti qajeele. Cortuuun sobdeeti male yeroo inni waamaa
ture ni dhageessi turte ishee akkuma amalasaa qirqidee waan ishee dammaqsuu seete turte inni
garuu kana gochuu hin dhaqne. Akkuma inni manaa baheen taraf jette “hiriiba na didee” jettee
tv ilaalutti kaate. Harmeen ishee “Imaanaan si waamaa turee” jedhanin. Akka nama hin
dhageenyee callistee dhiifte. Borumtaasaa isaa Imaanaan deemee Cortuu akka durii isaa osoo hin
dammaqsiin hafe. Otuu raftuu barooti itti guyya’ee harmee isheetu dirqiidhaan kaasani
barnootatti ergani. Imaanaan har’as akkuma amalasaa barnoota galee otuu Cortuu hin argiin gara
bosona wanxee deemee dubbisuuf karoorfate.Cortuun har’as dhuftee manaa isa dhabdee gara
tapha ishee dhaqxe. Imaanaa akka kaleessa isaa garaa jabaatee dubbisuu hin dandeenye ofirra
deebi’ee galuuf dirqame. Yoo mana ga’uu Cortuun mana hin jirtu, Ammaa amma irra deddebi’ee
ishee ilaale. Homaa manatti hin deebine. Barsistuu Obseen diraamaa isaanii kana teesse qalbiin
qabdee dawwachaa jirti. “Saffudha ijollee kanaaf kaleessa isheetu al meeqa dhufee isa barbaada
har’a isatu al meeqa dhaqee ishee barbaada”. Imaanaan Cortuu eegaa olee barnoonni isaa
galgalaa geenyaan deeme. Achii gallannis Cortuu raftee jirti. Dhugaadhuma akka kaleessa
hirriba sobaa osoo hin taane taphataa waan turteef dadhabdee rafteetti. Tarii ni dhageessi se’ee
itti bubbu’ee damqasuu yaalus hin dammaqne. Galee akka handaaqqo finqilleen qabee boquu
busee taa’uu jalqabe. Annisaan wasilli isaa
“maal taatee Imaanaa maaf boquu bustee teessa?” jedhee isa gaafate. Imaanaan haala isa ofirratti
barsiisuu hin barbanneyyu ture otuu inni hin beekin irratti barame maleesa.
“Ayi homaayyu hin taanee obbo” jedhe. Annisaatin obboo jedhe isa waama duruu.
“ Haalli kee garuu akka durii miti. Mayyinni rakkoon jira waan rakkatte jiraannan natti himi?” “
Homaa tokko waanin rakkadhe hin qabuu obboo” dhugaa jedhe deebiseefi. Tole akkas taanan
jedhe irbaata waliin nyaatani Annisaan gara hirribaa deeme Imaanaan immoo barrulee isaa
fudhatee taa’ee.
Kichuu ol adeemtu
Kan boor muka guddaa
Barbadaa jaalalan
Gubdee maalif hubda
Xiiqiin manaa baasee
Ilma kaayyoon joorsu

123
Isa abbaan jalqabee
Inni haa badduu baasu
Adaraan sin jedha
Adaraa namummaa
Beekta yoo taateefi
Tolaafi gaarrummaa.
Wadaroo jaalalaan
Xaxxee hin sakaalini
Otuu galma hin ga’iin
Karaatti hin qabiini
Shaakala inni hin qabne
Isa hin barsiisini
Kaayyoof karoora isaa
Gargar hin baasini
Hunduu yeroo qaba
Yeroo keetti dhaqi
Amma daandii isaarraa
Adaraa kee maqi
Silaa ati qabnaan
Jabaatu gatantaraa
Dhaabachuu dadhabee
Lafatu isaan maraa.
Hin nyaatu hin dhugu
Taa’ee yaada kuusa
Qor-qalbiin qaari’ee
Ol baasee gad buusa.
Waanuma godhulle
Harka isaatii gatta

124
Yoo itti hammaatte immoo
Sammuu dhabaa goota.
Ati humna qabda
Nii jilbeeffachiiftaa
Durbaaf goota kamuu
Hidhannoo hiikkachiifta
Kanaaf si sodaatee
Garaan isa raafama
Kiyyoo keen xaxamee
Danuu dararama.
Maloo hin darariin
Amma Imaanaas qabdee
Figichoo inni eegalee
Karaatti isa dhaabdee.
Bu’aasaas miidhaa isaas
Adda baasee hin barree
Amma har’a ga’etti
Jaallatee hin agarre
Mana kee seennaanii
Hulaan bahaa hin jiru
Yoo tole gammadaa
Hammaannan bojunjuru
Kanaaf amma hiki kee
Naaf hin galiin jira
Qabamuu hin fedhuu
Tarii mee na bira.
Jedhee barruulee isaa qixxa lamaanitti barreesse dubbisa irra deddeebi’e. Akka jaarsa araaraa
namoota walitti araarsuu giddu seenee dubbatuu ofii isaafi jaalala gidduu barcuma yaadaa
bufatee gidduu ta’ee lablaba. Akka waan jaalalli gorsa isaa dhaga’e isa dhisuu nan qabiin jedhe

125
waan harka bal’isuu kadhatu wayiis fakkaata haala isaa yoo ilaalan. Galagala sana akkasiin
walaloo barreesse otuu irra deddeebi’ee dubbisuu hirribi isa fudhatee achumaan rafe. Ganama
hirribaa dammaqee Cortuus dammaqsuuf dhaqnaan harmeen ishee “kaateetti amma mana
finacaanii deemte male” jedhani. Dabalaniis sitti mufatteetti giddu kana dhuftee kaasuu dinan
barnoonni itti guyya’aa ture” jedhani. Imaanaan hoomaa hin dubbanee sababa dhiyyesuss dhabe.
Xiqoo takka dhaabbate gaashaan akka dhufaati Cortuu eeguti. Cortuun daftee deebi’uu dinaana
gara manaatti deebi’ee ciree isaa nyaate mana barumsaatti qajeele. Isaa hulaa moorichaa banatee
ba’aa jiru Cortuun karaa foddaa isa ilaalaa jirti ciree nyaachaa jirtu giddutti dhaabde. Harmeen
ishee “maal ilaalta” jennan “lakki homaa akka aduun ba’aa jirtuu ilaaluuf jedheetani” jette haasa
gara dabarsite. Corttuun ciree ishee nyaatte booda Imaanaarra kaate. Duraan hulaa isa oliin
baatee dandii konkolaata qabtte gara kallatti yaayyoo geessutti jimaateen qaxxamurte mana
barumsaa hurrumuu dajan dhaqxi turte. Amma garuu hulaa isa gadiidhaan baate. Akka yaada
isheetti Imaanaa qaqqabachuu barbaadde turte achiin ba’uun ishe. Inni garuu qaaxa dandii
qabatee kallatti maqaalaa mattuu geessu irraan sidaa abba gammachiis bira ga’e jira. Mana
barumsaa isaas sidaa abbaa gammachiis dare irraan gadee tokko bu’e dirree kubbaa miilaa
magaalichaa harka bitaatti hambisee irraan gadee isa isa ilaalaa mana barumsaa elementerii
hurrumuu bira kutee mana barumsaa isaan ba’a ture. Kallattin manneen barnootaa isaan itti
baratan waliif faallaadha. Kanaa bahumsamagaalichaa gara mattuu geessutti argama kan ishee
immo bahumsa magaalichaa kallatti yaayyoo geessuu irratti argama.. Imaanaan mana barumsaa
isaa olee akka kaleessa dheengadda manaa ba’ee deemuu hin dandeenye manuma taa’ee dhufaati
Cortuu eeguu eegale. Cortuun garuu akkuma mana barumsaadha deebiteen akkuma amalasaa
yoona deemera seete laaqana ishee nyaatte taphaaf gara safara addaraasha deemte. Imaanaan
eegee eegee dadhabnaan yoo hin galle te’inaa jedhe Cortuu ilaaluuf gara mana isaani dhaqe.
Balballi cufaa ta’uu isaa baree ofirra deebi’e. Barsiistu Obseen
“Cortuu barbaaddeti” jette.
“Eyyeen laaqana wajjin nyaanna jedheeni” jedhe.
“Ishoo ammaree kan ishee baate turteeti” “ Silaa ati amma yoonaa laaqana hin nyaatiin jirta?”
jette.
Imaanaan lafa ilaalee “eyyeen waliin nyaanna jedheen ishee eegaa ture” Jedhe.
“ Deemii nyaadhu sa’atiin deemera amma saddettid digdamam bar” jette.
“Tole” jedhee ol galee siree isaa irratti lafa dha’e akka nama gaggabee ta’e. Dugdaan galee akka
nama dagalee manichaa lakka’uu ija isaa tokko irraa tokkotti qaqaxxaamursuu jalqabe..Kana
gidduudhaan saqalee koshoshi wayyi dhaga’ee Cortuutu dhufe se’ee gad ba’ee ilaalee. Homtuu
hin turre barsiistuu Obseen balbala dura teesse mucaa harma hoosisti male. Ofirra deebi’ee
shonkoraa tokko dhuka lama tatarsaasee ishee alanfachuu jalqabe. Gaaccee gaaccee haftee isaa
xuuxee bakka tokotti walitti qabee gad baasee gate. Galagalli geenyaan miseensonni maatii
hunduu manatti dacha’ani Guuttun haati warraa Imaanaas maatii goodaa diimma bira turtee
manatti deebiteeti. Imaanaan akka nyaata fudhatee hin nyaanne waan barteef Annisaa gura
buuste. Annisaan

126
“Maaf laqan hin nyaanne haabbe” jedhe sagalee isaa ol fudhatee nyaara ija isaa walitti guuree.
Imaanaan otuu afaan isaa ginga’uu “Co Cor..tuu biraan nyaadhe” jedhe isa gowwomsee harkaa
ba’e. “ Tole akkas taanan jedhe dhiise Annisaanis dhugaa itti fakkaate. Sobeetu malee immo
Cortuu waliinu ergi wal arganii bubbulaniiru. Hirribni qalqalloon guutamee mana nama
hundumaa dhaquu jalqabeera. Bayyeen sirree irratti amanee of gatee rafeera. Imaananis keenna
uumaan namaaf kenne kana booji’amee rafuu jalqabe. Isaa rafee halkaan qixxee ga’u sagaleen
Guuttun hirribaa dammaqxee ol jette gurra qeensitee dhaggeefachuu jalqabde. Aa! Aa! Aa!
Jedha sagalee Imaanaa ta’uu isaa hin shakkine. Imaanaa! Imaanaa! Isa waamte . Jalaa qabuu hin
dandeenye, Dafqi dhaqna isaa irra citeera. Onneen isaa gar-malee dhahataa jira. Annisaanis ka’ee
ol qabnii isa teesisani. Maal akka ta’e himachuu waan dadhabee fakkata. Guuttun bishaan erbee
tokkon jiifte takka laphee isaarra takka gubbee sammuu isaarra jijifte. Xiqoo hafurrii waan itti
deebi’e fakkaatus hin tasgabboofne ture. Halkanuma sana Annisaa bufata fayyaa ollaa isaanitti
argamuu gessee lilmoo tokko kennannifi gara manaatti deebi’e. Ganama dafee hiriaa hin kaanee
ture. Guuttun Cortuudhaan bakkeetti argite Imaanaa akka dhukkubaa bule itti himte. Cortuu
naasuudhaan figde dhufte manatti ol seente. Siree irra dugdaan galee ciisaa jira Itti dhiyyaatte
“Imaanaa maal taatee” jettee gaafatte.
“Farsoo dhugeen xiqoo ishee na gatantarsuu barbaade Cortuu” jedhe Boquu isaa gara isheetti
naannesse. Ijaan argaafuu waan ishee yaadeeru fakkaata.
“Boo hin qoosiin atimmo” jette cinaa isaatin teesse harka ishee tokko fuutee adda isaarra
boqochiifte. “Uyi baayyee guba dhannike. “ Baayye si dhukkubeeyi?” jetteen. Giddudhaan
Guuttuun “halkan Annisaan mana yaalaa geesseeni ture malee bayyee dhukkubaa ture” jette
ciree hojjechuuf baatee deemte.
“Maayinni Imaanaa eessa kee si dhukkubaa jiraa?” jette ija jaalaalan isa ilaalaa Cortuun.
“Dhugaa dubbachuuf eessa koo akka na dhukkubaa jiruuyyu baruu beekuu hin dandeenye
Cortuu” Jedhe harkaan harka ishee miraa qabate laphee isa irra ka’e. Dhahannaan onnee isaa
Tirik! Tirik! Jedhu harka isheetti ni beekama ture. Ija keessa wal ilaalani otuu wal hin argiini n
waan turaniif lammanuu wal yaadaniruu. Akka nama waggaa dheeraaf addaan ba’e har’a reefuu
wal arguu ta’ani. Cortuunis otuu hin beekin isa itti mufattee turte dagachuu hin oolle. Imaanaan
akkuma dhukkubsachaa jiru iyyuu waan dagate fakkata ol jedhee taa’e Cortuu waliin odeessuu
jalqabe. Cortuun mana galeen dhufa jette kaatee qajeelte. Guuttun cireen ba’aa jira taa’ii waliin
nyaadhu jennaan deeb’en dhufa jette deemte.Akkuma mana geessen dhukkubsachuu Imaanaa
harmee ishee gurra buufte. Harmeen ishe dhufani isa hubatanii booda manatti deebi’ani qarshii
Cortuutti koottuu mirindaa bitiifi geessifi jedhani ofii gabaa deemani. Cortuun dhugaa hin seene
gammachuudhan miriindicha bittee amma biraan geessutti waan jarjartes fakkaatti daddaafte
deemaa jirti. Imaanaan Cortuun biraa deemnaan akka isa dhukkubaa yaadate deebi’e ciise.
Cortuun dhufte balbala baante ol seente.Guuttun miriindicha harka ishee irratti waan argiteef “
Ishoo kunoo akkas malee akkatti dhukkubsataa wal’aanani moo beektaa” jette itti qooste.
Cortuunis harkaa fuutee “ amman isa fayyisaa Guuttu in agarta” jette Burcuqqootti buusftee
kenniteefi. Cireenis dhiyyesiteefi Guttuun jedha nyaadha gabaa gaheen dhufa jette Abdiidhaan
dugdatti baatte qajeelte. Imaanaan lamaan tokko afaan kawwate na ga’a jedhe. Cortuun garuu

127
wawuu nyaattu malee jette isa dirqamsiiste. Inni dinnaan afaan isa kekeesse. Harka dhiqatanii
wal cinaa taa’ani jiru. Imaanaan mirindaa Cortuun irraa buufteefi sana dhugdu malee jedhe.
Waawuu situ dhukkubsate male anaa jette ilkaan ishee adaadii sana bisiq gootee. Imaanaan anis
hin dhuguu yoosaa immo jedhe. Waan gootu dhabnaan harkaa fuute takka irraa habbuuqatte.
“Imaanaa’ jette harka ishee lamaan waliin ririitaa.
“Yooko Cortuuko”
“Maal taateetu garu giddu kana badde?”
Hi hii haasaan harkaa waan bade fakkaata dubbisarran turee jedhe.
“Dhisi na gowwomsuu hin yaaliin jette Hiq! Hiq! Jette boo’ichan himimmaan lakkuu lakkuu
darbachuu jalqabde. Moo dhufee si waliin taphachuu kootu sitti hin tolle? Durattoo yero
dubbisuuf jettu nan dubbisa naan jetta amma maal taanaani kan ati na dhokattuufi? Dhugaa si
jeeqaan jira taanaani natti lamuu lammata si bira hin dhufu jette boo’icha kan caalu goote.
Imaanaan rifate lakki Cortuu koo akka ati yaadaa jirtu kana miti jedhe sossobuudhaaf ishee
hammate. Cortuun harkaa isaa ofirra darbatte “ An nama hin beekuun ture, hiriyyaas hin qabu,
obboleessas, ta’e oboleetti of biaa hin qabu ati garuu dhuftee bakka obboleettis obboleessas naaf
buutee turte. Isayyu obboleessa hangafaa. Hiriyyaa naaf taate akka mucaatti gad of deebiftee na
walin taphatta.Taphas na barsifte, mi’a barnootas situ na keessa bulche. Jaalala obbolummaarra
dabartee akka abbaatti ofitti na qabdee na hammattee kunuunsita. Ati gaachana kooti siin waanin
abdadhuuf ijoolle hin sodaadhu. Homtuus titiisa koo narra hin kaaftu ture ati garuu maaluma si
goonaani? Hii? Maaluma sitti balleesinaani kan ati akkasitti na baqatteefi kanuma qofaa natti
himi jette jechoota akka bakakkaa u’ulfaatan ribuu butuchaani lafee cabsanin Cortuun Imaanaa
si’a dhowwatte. Imaanaan Cortuu koo dhugaa akkas miti. Akka ati yaadde kana hin yaanne hin
akeeknes jedhe ofitti ishee hammate. Ofirra dhiibuu yaaltus hin dandeenye laphee isatti gad jette
himimmaan ishee kolol kolol gootee. Innis garaan isa mooga’e iji isaa himimmaan calale.
Akkuma isaatti ishee sossobee erga tasgabboofteen booda.
“Imaanaa” jette isa waamte sagalee mararteen
‘Oyyee Cortuukoo”
“Beeki obboleessi koo si’i, obbolettin koos, an si malee obbolaa of biraa hin qabu. Waaqayyo si
naa keenne galateefachaa tarii ani balleessu nan danda’a beekta ijoollee durbaa waa meeqatu
gowwoomsuu danda’a waan ta’eef ati immo na gorsitee na dheekamtee akka na cina dhaabbatun
sitti himadha jette. Imaanaan hubannaa Cortuu dinqisiifachaa tole jedhee waadaa seeneefi.
Cortuun jaalaala obbolummaan haa fakkeesituyyu malee Isaaf bakka addaa akka qabduu haalli
isheeyyu ni ibsa. Takka takka ijoolle dhiirotaa bakkeetti waan isee jedhani itti himtee
hinaaffadhaan isa waadditi. Garuu akka addunyaa jaalalaa keessa hin seennefi immoo ija
obboleettin akka ishee ilaaluu taasifti. Imaanaa akkasiin ramacii jaalalaan gubachaa ba’aa
ulfaataa namni baruufii hin dandeenye baatee deema.
Sagantaan bal’oo waldaa warra wangeelaa Makane Yesus Onesmoos galgala sa’atii kudha lamaa
kaasee hanga lamaatti jiru irratti waliin dhaqanii waaqeeffatanii galu. Halkan kana yeroo waliin
deemani galani guyyaa tokko jennan guyyaa tokko ija biraatin wal ilaalanis ta’e yaadani hin

128
beekani. Safuufi safeeffannaa amantii isaani qabus. Yeroo waliin bahanii galani wal biraa
bareedu. Halli amalli isani bayyota biratti jaallatamadha. Namonni seenaa isaani hin beekne
obboleewwani jedhani yaadu. Imaanaafi Cortuu wal biratti argee maal ta’a ijoolleen ofii akkas
wal jaallati ta’e jedhee kan garaa iatti hawiine yoo jiraate kan isaan hin beekne qofa.
Dhuggumattu haadho garaa tokko keessa tiruu tokko boraafatani rafan fakkaatu. Jechi haadhoo
jedhuyyu isaan ibsuuf ga’aa namatti fakkaatu.. Imaanaan mana barumsaaisaati barataa dhageetti
guddaa qabudha. Dandii gubbaati michoonni Cortuu yoo isa arganii obboleessa Cortuu jedhani
isa waamu. Isheedhani immo obboleessa kee argineera jedhanii itti odeessu.
Qormaanni biyyoolessa Imaanaafaa jala ga’aa jira.Innis ga’aa ta’uu baatus amma humna isaa
maggaluu hin dhiifne wal’aansoon jaalalaa waliin wal makus.
Imaanaan taa’ee dubbisaa osoo jiruu Cortuun balbala banattee harka ishee lamaan akka nama
waa dhoksuu huddu dubaatti dachaafte
Imaanaa jette
Yooko
Ija kee jaammafadhume.
Maalii maafiin jaamfadha?
Maal si dhibe jaamfadhuu wayiifi.
Tole jedhe jaamfate.
Cortuun harka isa qabdee ol kaafte isa dhaabachiifte. Imaanaan amma waliisaa barutti waan
ariifate fakkaata.
Banadhuu? Jedhe.
Lakki lakki hin banatiin jette.Waan isaa galuufi dide. Shakkiin isaa Cortuun karameellaafi
mastiikaa nyaachuu waan jaallatuuf isaafis bitte waan dhufte itti fakkaate ture.
Daddafikaa Cortuuko jedhe. Cortuun waan yaadee turte godhuu dhiisuu goduu dhiisu jette waan
dhiphataa jirtu fakkaatti. Hafuuraa dheeraa baafatte harka ishee lamaan saggoo isaarra dabarsitee
isa hammatte. Imaanaan ija isaa banachuus hin yaanne hargansuun Cortuu qalbii isaa waan
fuutee qarite fakkatti. Foliin hafuura ishee akka habaaboo birra fagoodhaa ofitti nama waamu sun
wal gurmeessani karrawwan lamaan funyaan isaa ol seenani keesso isaatti gammachuu
facaasani..Cortuun otuma sossodaattu hidhii ishee xuuxxoo fakkatu sana fuute kan isatti
qadaadde. Imaanaan rifate ijasaa banate. Cortuun qaanoftee lafa ilaalte. Imaanaan fedhii ishee
dafee waan hubate fakkaata harka isaa lamman fuudhee mudhii ishee qal’oo cituu ga’u sana qaba
ofitti ishee hammate. Isheenis mormii hin gonee mormaan laphee isaatti hirkatte jabeesite isa
hammatte.Akkuma wal hammatanii jiratti ol jette ija keessa isa ilaalte. Innis daangulee ija ishee
takka as takka achii kolol kolol jedhan nyaarawwan ishee akka gaattiraa bakka bashannaana wal
qixxeeffamee mumuramee garaanaaf garasitti lucca’ee jiru giddudhaan konkona gidduu isaaniti
tulluu ta’ee addan isaan baasuu sana ilaaluu jalqabe. Takka wal ilaalaniin booda hidhiin isani
walitti siqachaa dhufee akka haadhaafi qadaadaa wal unatanii. Mirri lamaan isaaniyyu suta

129
sutaan jijjiiramaa dhufe. Waan kanaaf haaraa ta’aniis fiilmii ilaalaa waan turaniif hagas maraa
keessummaa walif hin taane.Otuma kanaan jirani Cortuun harkatti laafnaan ol fuudhee baatee
achuma siree ofiin irra rafuu lafa buufatee jiru irra dugdaan ishee ciibse uffata ishee tokko
lamaan gubbaati hanga dakaatti irraa babaasuu egale. Cortuun akka nama gaggabeettiof diriirtee
jirti. Waan haga ammaatti arganii dhamdhamatanii mi’eeffatanii hin beekne keessa seenani.
Haala kamiif akkataa kamiin gaaffin jedhuu deebii waan dhaban hin fakkatani duraan
muuxannoos ta’e hubannoo dhabaniyuu. Taphni lamman isaani gidduutti ho’ee
jalqabameera.Cortuu sagalee aaduu dhageesisuu jalqabde.Silaa Imaanaan waan of beekuyyu hin
fakkaatu. Aadni ishee humna godhatee dhaga’amaa dhufe.Mirra dhukkubbii gammachuun wal
makee Cortuun dandamachuu hin dandeenye. Aa! Aa! Imaanaa na kutte ani cite wayyoo jette
waxabchuu jalqabdee. Inni gurra ittin washakkata ishee dhaga’uyyu waan qabu hin fakkaktu
otuma isheen waxabattu washakkattu hojii isaa itti mudee itti fufe. Cortuu waan gootuu dhabdee
humna ishee ol taanan iyyuuf dirqamte. Dhumarra gaggabdee dirirte. Imaanaan dofqa fixateera.
Sireen isaas dhiigaan bulbulame jira. Kana gidduudhaan iyya Cortuu dhaga’anii bakkeedha
balbala banatanii ol itti seenani. Cortuun yogguu dhuftee balbala ol deebifteema waan dhiifteef
akkuma salphaatti itti seenuu danda’ani. Nmanii yaadatee keessan cufuu dhaqees hin turre.
Barsistuu Obseen Cortuu siree irratti dugdaan galtee gagabdee jirtu argitee naasuudhan ofirra
deebite durumaayyu haala isaani waan shakkaa turteef maaltu akka uumamee galuufin yeroo
isheetti hin fudhanne turte. Guuttuu mataa qabattee dhaabatti. Harmeen Cortuu garuu Cortuu
irratti lafaan of dha’anii mucaakoo jedhani iyyaani. Yoona kana Annisaan arii isaa to’achuu
dadhabee kaninni Imaanaadhan kaballaa gurratti qadaadee. Imaanaa utalee hirriba keessa
dammaqee. Dhaqnii isaa akka allaadduu bishaan keessa roqomaa jira. Cotuu harkaan of bira
barbaadee dhabee. Bilbila isaa mataa dura sireeti fuudhe ibsee ilaalee. Homtuu isa bira hin turre.
Dhigni homaa siree isaa irra hin turre. Waan qabee gadhiisu wallaale. Abjuu abjuus isatti
fakkaachu dide. Gola isa oliitti darbee matii ilaallaan Annisaanfaa rafaa jiru. Balbala banatee gad
ba’e bakkeen dukkanaan uwwifamee jira. Bilbila isaa irra sa’atiin meeqa akka ta’ee jiru ilaallan
halkan keessaa sa’atin 8:45. Manatti deebi’e waan ta’e abjuu jedhee amane fudhachuun isa
rakkise. Moo ani akka bar-tokkon ta’e yaa jamaa jedhe harka isaa tokkon maddii isaa qabate.
Duran yeroo kutaa afuraffa baratu mana barumsaa guddinaa abuunatti guyyaa tokko abbaan isaa
Danuun har’a akka mana barumsaadha galteen lagaa abuunaa deemiti horii yeroodhaan sassaabi
galchii dullachootaafi jabboota laaqiin laga babal’ii qabateeachitti isaan hambise irbaata
waraabessaa akka hin taane. Anu wabboo dhimma tokko fira bira dhaqeen bor ganamaan dhufa
jedhe itti himee ture. Imaanaan mana barumsaa oole galee. Guyyaan isaa Jimaata ture. Barsiisaan
isaani boor ganamaan dhuftanii yaadanno akka barreefatani. Ila barataan tokko akka hin hafne
jedhanii akeekachiisaniru. Imaanaan akkuma barumsaa galeen rafe. Amma galgalaatti rafee
abbaan isaa Danuun dhimma wabbo dhaqeefi sana xumuratee galgaluma sana osoo hin buliin
ofirra deebi’e gale sagaleen isaa bakkee keessa in dhaga’ama.. Imaanaan sagalee abbaa isaa
dhaga’e hirriaa wareeree dammaqe. Yoo ol jedhe ilaalu ifti aduu karaa qaawwa mana seenuu
xiyya xiyya baasee biftuu ganama baafeettu fakkaata. Wayyoo kaa isan kaleessa rafeen rafaa
oolee rafee bule amma wareetti otuun rafuun barnoonni natti guyya’e jedhe baruule isaa butatee
nama tokkotti osoo hin mul’atiin mana ba’ee na kuti jedhe. Akaakayyuun isaa Obbo Dagaagaan
balbala taa’ani aduu qaqqaamata turani. Imaanaan sila harbuu tufaa darbee suuqii obboo qannoo
bira ga’eera. Achii yoo ga’u namoonni lama lama sadi sadii ta’anii dhadhaabatnii hasa’u. Akka

130
ilaalcha Imaanatti gabaan saqalaa sanbata duraa waan jiruuf namoota gabaa dhaquuf qajeelan itti
fakkaate barfachuu hin oolle jedhe gara mana barumsaatti figachaan lafa sursuraa’e arreede. Isaa
bishaan boollaa darbee mana barumsaa seenu. Mana barumsaa keessa baratanis ta’e barsiisaan
tokko hin turre. Kutaa barnoota hundumaa irra deemee sakkata’e homaa dhabe. Tarii sichi dhufu
ta’a anatu dura isaanii dhufe jedhe. Gad ba’ee ta’e isaan eguu isaati garaa isaaf. Garuu laftii isaan
maruu jalqabe. Mayyinni waansa durattoo biftuun karaa kana baati jedhe quba akeektuu isaa gara
goodaa fooqatti qabe yoo lixxu moo asiin kara mana tarfaa lataa jedhe lixatti naanna’e. Homaa
wantii isaaf galaa jiru hin turre. Taa’ee eegee eegee obsa dhabnaan galuuf dirqame. Barattooni
mana barumsaa qophaa’ina saqalaa irraa baratan jimaata jimaata gara mana maatii maatii
isaanitti galan dandii irra ni yaa’u. Amma immoo isaani arge ani guyyaa laman rafaa oolee rafaa
bulemoo moo guyyaan har’a maalidha jedhe of gaafachuu jalqabe. Wantii martuu fuggisoo isaaf
ta’eraa sila. Abdii kuatee otuu galaa jiru dargagoonni lama karaatti itti dhufani eessaa galta
jedhani isa gaafatani. Callisuu filate inni silaa akka nama haraqee dhugee macaa’ee ta’eera. Inni
tokko harkaa fuudhe dubbisaa dhufakaa hin agartuu barrulee baatee jira jedhen. Imaana ergasii
namni karaatti itti dhufee essa dhufta yoo jedheeni dubbisaan dhufa jedhe deebisuufi jalqabe.
Isaa wajira ganda guddinaa abunaa bira ga’u dargagooni uudii midhan keessatti calleefamee
barsiin isaa walitti qabamee jiru irratti harbuu maamoo cinaadha isportii hojjetaa turani. Bira
dhaqee takka dhaabbatee ilaalee. Tokkotti dhiyyaate har’a guyyaan maalidha jedhee gaafate. Hin
beektu moo amma kanaa geesse jimaatadhakaa jedhee deebiseefi. Homaa hin dubbanne ofirra
deebi’ee galuuf dirqamee. Harmeen isaa siree irra isa dhabanii eesa bu’e jedhani isa waamaa jiru.
Akaakaan isaa garuu isaa barulle fudhatee fiigaa sokke waan argani turaniif wan argan harmee
Imaanaa gurra buusani. Otuma isaan achii buutee isaa barbaadaa jirani Imaanaa dhufee manatti
deebi’e.Akkuma inni mooraa ol lixeen gaaffiin
“Eessa dhufta?” jedhu dhiyyaatefi abbaa isaa Danuu irraa.
“Mana barumsaatika”
“Galgala mana barumsaa dhaquu.?”
“ Ihii ati yoom dhuftee wabboo deemeen achi buleen ganamaan dhufa naan hin jenne?”
“ An dhimman dhaqeefi xumuradheen galgala kana galee”
“ Marree animmo sagalee kee dhaga’een achi bultee dhufte natti fakkaatee mana barumsaa
dhaqaan homti tokko hin jiru. Baratootas barsiisaan keenyas hin dhufne” jedhe. Umeen
harmeensa
“mucaanoo rafaa turteetu galgalli ganama itti fakkateera” jette.
Akkasiin Imaanaan mudannoo isa bara ijoollumma isaa otuu cisee yaaduu lafti gara barii ga’e
lafa bari’uuf jedhu hiribi tokko isa fudhatte. Wasilli isaa Annisaan isa waame waamee
dadhabnaan dhufee hirribaa isa dammaqsee “ Ka’i dabboo cireedhaaf bittee dufta”
jedhe.Imaanaa ka’ee ija Annisaa keessa ol jedhe ilaaluu dadhabee. Akkuma inni manaa ba’een
Aadde Gaarummeen harmeen Cortuu cilee qabsiisaa turan. Itti ba’uu sodaate akka dhaabachu
ta’e. Isaan garuu waan isa arganiif Dabboo bituu dhaqxaa nuufis nuuf bittee dhufta afachuu
deemeen qarshii fidee dhufa jedhani manatti ol seenaan. Inni garuu dhabbatee isaan eeguu

131
saalfate akkuma ol galaniin deemuu filate. Teella isaa figanii isa qaqqabsiisani. Bitee dhufee ol
seene minjaala irra kaa’ee. Cortuun rafaa jirti akka durii ishee dammaqsu hin yaalle gara mana
isaanitti gale. Cortuun hiribaa dammaqxee ciree nyaatte isa bira dhufte. Imaanaan gaafuma achii
dubbatu
“Akkami fayyitee” jedhe Cortuudhaan .
Itti kolfitee ‘maliin ta’e” jette.
“ Wuyii dhiifama” jedhe qalbiitti gaafa deebi’u.
Cortuun maal taate gurbayyo? Moo teenshinii qormaataati ittin jette.
Eyyeen ta’uu ni danda’a tarii jedhee dubbichatti bishaan itti naqee achuumaan qabbaneesse.
Guyyaa kanaa kaasee haalli Imaanaa jijjiiramaa dhufe akka durii ija jabaatee nama ilaaluu
dadhabe. Keessuma Cortuu waliin burraaqee taphachuu shilleessa dhufe.Q ormaanni biyyolessa
kennamuu jalqabeera. Imaanaan amma abdatamu ta’uu baat’us waan hile hin qabu. Qormaanni
kennamee akkuma dhumeen kitaabolee ganna sana dubbisaa ba’u wal walitti qaqqabata jira.

132

You might also like